Ogeeyyonni Aartii faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka eegamu yeroo hunda hojjechuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Ogeeyyonni Aartii faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka eegamu yeroo hunda hojjechuu qabu
Mudde 4/2018(TOI)-Ogeeyyonni Aartii faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka eegamu yeroo hunda hojjechuu akka qaban de’eetaan ministiraa Aadaa fi Ispoortii gargaaraa piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee ibsan.
Waltajjiin marii aartii fi kalaqaa ogummaa aartii damee misooma kalaqaa industirii aartiin gaggeeffamaa jira.
De’eetaan ministiraa Aadaa fi Ispoortii gargaaraa piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee wayita kana akka jedhanitti, kanneen Itiyoophiyaan guddaa taasisanii itti fufan keessaa artistoota hortedha jedhaniiru.
Mootummaan damee artiif xiyyeeffannoo kennee hojii hedduu hojjechuusaa dubbataniiru.
Hojii misoomaa Finfinneetti hojjetamaa jiruun bakkeewwan ogummaa aartii dinqisiisoon ijaaramuusaanii eeranii, qaamolee kana raawwatanis galateeffataniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ogeeyyota Artii waliin mari’achuusaanii yaadachiisaniiru.
Kaayyoon waltajjii har’aa kun yaadota marii sanaan adda baafamanii fi kallattiiwwan kaa’aman irratti mari’achuuf akka ta’e dubbataniiru.
Sanadiin wixinee imaammataa aartiiwwanii qophaa’uusaa ibsanii, waltajjii Kanaan akka irratti mari’atamu dubbataniiru.
Akkasumas artistoonni sagalesaanii kan itti dhageessifatan sanadiin kaawunsilii aariiwwanii xumuramuusaa fi waltajjii Kanaan akka irratti mari’atamus dubbataniiru.
Dabalataanis qajeelfamni gurmaa’insa waldaalee irrattis mariin akka gaggeeffamu himaniiru.
Ogeeyyonni Artii bal’inaan kan irratti hin hojjenne faayidaa biyyaalessaa ta’uu eeranii, faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka eegamu yeroo hunda hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Gorsaan dhimma hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat, daarektarri olaanaa maneen galmee fi mana kitaabaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibhaat, ogeeyyonni aartii angafoonni, hooggantoonni biiroo aadaa fi Ispoortii naannolee waltajjicharratti argamaniiru.