Tamsaasa Kallatti:

Godinaalee  wallaggaatti  nageenya cimsuun  fayyadamummaa misoomaa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifaman bu’aa qabatamaa fidaniiru.

Mudde 4/2018 (TOI)- Godinaalee  wallaggaatti  nageenya cimsuun  fayyadamummaa misoomaa lammiilee mirkaneessuuf   tattaaffiiwwan taassifaman   bu’aa qabatamaa fidaniiru jechuun   jiraattonni  Magaalaa Naqamtee fi  Godinalee wallagga lixaa  dubbatan.

Matad uree “ Labsiiwwan Guubaa  bu’aawwan  mootummaa Ida’amuu” jedhuun  Mariin hawaasaa Jiraattota  Magaalaa Naqamtee fi  Godina wallagga  bahaa hirmaachise  gaggeeffameera. 

Marii Hawaasaa kanarratti  Bulchaan naannoo Beniishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti qindeessaa kilaastara misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu fi hoggantoonni Godinaalee, Aanaalee fi Bulchinsota magaalaa  argamaniiru.

Hirmaattota  Waltajjichaa  kan ta’an jiraattonni magaalaa naqamtee fi naannooshee  yaada kennaniin , mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo  naannichaaf kenneen  nageenya cimsuuu fi  hojii misoomaa raawwachuuf  haalli  mijataan uumameera jedhaniiru.

Hirmaattota  marichaa keessaa  Jiraataa Magaala Naqamtee fi  jaarsa biyyaa  Sheeh Naasir Nuuruu akka  ibsanitti,  godinichatti  waggoottan darban rakkoon nageenyaa mudatee ture  dhabamee, hojiin misoomaa hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kanaanis pirojektoota  gurguddoo dabalatee  misoomni hawaasummaa fi Diinagdee hedduun raawwatamaa waan jiruuf mootummaan galateeffamuu qaba jedhaniiru.

Hojiiwwan misoomaa magaalichaaf carra gaarii fidan kanneen akka buufata Xiyyaara, ijaarsa daandii  konkolaataa Naqamtee-Buree, misoomni koriidaraa, suphaa Daandii Naqamtee-Amboo, waarshaa industirii qindeessa qonnaa akka  fakkeenyaatti kan kaasan sheeh Naasir nageenya uumameen  misoomichi  hirmaannaa  keenyaan  itti fufa jedhaniiru.


 

Jiraataan Aanaa Giddaa Ayyaanaa  Damissoo Geetaachoo, hojiiwwan misoomaa naannichatti eegalaman  itti fufinsa akka qabaataniif  akka  jiraataatti  deeggarsa taassisan  cimsanii akka ittifufan ibasaniiru.

Dabalataanis Jiraataan Aanaa Eebantuu  aanichi qabeenya dilbii qabu  gara  qabeenyatti  jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaaf oolchuu qaba   jechuun obbo Fiqaaduu Taammiruu ibsaniiru.

Akkasuma jiraattuun aanaa  Biilaa Aadde Shubbituu Galaan bu’uuralee misoomaa daandii dabalatee hojiiwwan misoomaa biroon akkaa hojjetamaniif nageenya naannoo keenyaa cimsinee eegganna  jedhaniiru. 

Waltajjii marichaa kan gaggeessan Bulchaan Naannoo Beniishaangul Obbo Ashaadilii Hasan, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad labsiiwwan Guubaatti ifoomsan kan milkaa’an hirmaanna qindaa’aa hawaasaan ta’uu ibsaniiru.

Waggoottan jijiiramaa darban qonnaan, daandiin, Barnootaa fi  misooma  Hawaasummaa fi Dinagdee biroon fayyadamummaa hawaasaa kan  guddisan  hojjetamaniiru.

Fuuldurattis  ummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun nageenya waaraa buusuun  hojiiwwan misoomaa haala hunda galeessa ta’een akka raawwataman taassifamuu akka qaban hubachiisaniiru.


 

Hojiin misooma koriidaraa magaala Naqamteetti eegalame magaalicha jiijiiraa jiraachuu  ibsuun kunis cimee akka  ittfufuuf tattaafachuu qabna jedhaniiru.

Gaaffiiwwan hirmaattota waltajjichaarra ka’an sirrii fi wayitaawaa  ta’uu  ibsuun qaammni mootummaa dhimmichi ilaallatu sadarkaa sadarkaan deebii  akka itti kennu   hubachiisaniiru.

 Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis Mootummaan naannichatti nageenyi waaraan akka  bu’uuf xiyyeeffannoo kennee hojjechuusaan bu’an argameera jedhaniiru.

Ministirri Muummee Boqonnaa malee Halkanii fi Guyyaa hojjechuun  biyya keenya jijiiraa jiru,  nuyis bakka jirrutti boqonnaa malee hojjechuun  biyya keenya jijiiruu qabna jechuun  ibsaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastara Misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu, naannichatti hojiiwwan misoomaa abdachiisoon  hojjetamaa  kan jiran waan ta’aniif hawaasni nageenyasaa cimsuun hojiiwwan kun itti fufinsa akka qabaatan  gochuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gaaffiiwwan hirmaattonni  waltajjichaa kaasan  deebii ariifataa akka argatuuf  mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo kennee akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015