Bulchiinsi Magaalichaa hojiilee fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessan raawwachaa jira – Kantiibaa Adaanach Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi Magaalichaa hojiilee fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessan raawwachaa jira – Kantiibaa Adaanach Abeebee
Mudde 4/2018 (TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee Mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibsan.
Kantiibaa Adaanach Abeebee Bulchiinsa Magaalicha Kutaa Magaalaa Lidataatti Maneen gandaa 106 jiraattota magaalichaa harka qal’eeyyii deeggarsa hin qabneef , qama miidamtoota, namoota biyyaaf oolmaa oolani fi nammoota haala rakkisaa keessa jiran adda baasuun har’a carraa buusanii dabarsanii kennaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa marii hawaasa waliin taassiseen eeruu kenname dabalatee calaalii taassisuun jiraattota adda baasuu ibseera.
Kanaanis fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuun, dursa kennamuun kan qabu kan dagataman, deeggarsa warra hin qabne, harka qal’eeyyii fi haala rakkisaa keessa warra jiraatan oolchuun booru jireenya fooya’aa keessa akka jiraatan hojiin dandeessisu hojjetamuu ibsaniiru.
Keessumaa kutaa magaalaa Araadaatti daangaa laga Qurxummiitii ka’anii wal falmii qaama sadaffaan dararamaa kan turan har’a rakkoonsaanii furmaata argatee mana jireenyaa waan argataniif baay’ee gammanneera baga gammaddan jedhaniiru kantiibaan kun ergaa dabarsaniin .