Korporeeshiniin hojiiwwan Qonna Itiyoophiyaa Omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuuf dhiheessii sanyii filatamaaf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Korporeeshiniin hojiiwwan Qonna Itiyoophiyaa Omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuuf dhiheessii sanyii filatamaaf xiyyeeffannoon kennameera
Mudde 3/2018(TOI)-Korporeeshiniin hojiiwwan Qonna Itiyoophiyaa Omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuuf kan dandeessisan dhiheessii sanyii filatamaaf xiyyeeffannoon kennamuun ibsameera.
Korporeeshinichatti Hojii raawwachiisaan damee Sanyii filatamaa obbo Zannabaa Waldasillaasee TOI’f akka ibsanitti, omishaa fi omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taassifamuun sanyii filatamoo baay’isuun qonnaan bultootaaf raabsaniiru.
Kanaafis korporeeshinichi bara omishaa 2017/18 waktii gannaan lafa hektaara kuma 20 fi 300 irratti sanyii filatamaa misoomsuun ibsameera.
Korporeeshinichi lafasaarratti kan omishu dabalatee walii galtee qonna Kontoraataan Abbootii Qabeenyaa fi Qonnaan Bultoota hirmaachisuun sanyii baay’iseera.
Sanyii baay’isuun lafa misoomerraa omishni kuntaalli kuma 463 fi 800 ol akka eegamu hubachiisaniiru.
Omishaa fi Omishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf teekinooloojii fi sanyii filatamaa haaraa dhaqqabamaa taassisuusaa kaasaniiru.
Keessumaa dhiheessii sanyii filatamaa dabaluu fi haala barbaadameen dhaqqabummaa guddisuuf interpiraayizoota sanyii filatamoo naannoolee fi Wiirtuuwwan Qorannoo waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu Obbo Zannabaan ibsaniiru.
Korporeeshinichi Sanyii filatamaa Qonnaan Bultootaaf dhaqqabamaa taassisuun cinatti omishtummaasaa guddisaa deeggarsa ogummaa taassisuusaa dubbataniiru.
Qulqullinaan, baay’inaanis, bal’inaanis omishuuf qorannoowwan qonnaa Inistitiyuutii Qonna Itiyoophiyaa jala jiranii fi intarpiraayizoota sanyii filatamoo naannoolee waliin tumsaan hojjechaa jira jedhaniiru.
Kanaanis qamadii fi Boqqolloon qorannoo qonnaa Qulumsaatti, akkasumas sanyii filatamaa Boqqolloon wiirtuu qorannoo qonnaa Baakkoo waliin sanyii ka’umsaa baay’isuurratti tumsaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Giddugalichi teekinooloojii sanyii fooyya’aa qindaawaa ta’e kan qulqullina qabuu fi baay’ina qabu qulqullina fooya’een, hangaa fi gosaan qonnaan bulaaf yeroon dhiheessuuf qooda olaanaa gumaachuu dubbataniiru.