Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 ta’uun ramadaman - ENA Afaan Oromoo
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 ta’uun ramadaman
Sadaasa 17/2018(TOI) Mootummaan Ministira dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 gochuun ramadeera.
Waajjirri ministira muummee akka beeksisetti akkaataa konveenshinii hammattoo jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomaniitiin Itiyoophiyaan Koop32 waan qopheessituuf ministira dhimma alaa mootummaan Itiyoophiyaa kan ta’an Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii koop32 gochuun wayita ibsu gammachuutu itti dhagahama.
Doktar Geediyoon hooggantoota biyya keessaa, qaamolee mootummoota gamtoomanii fitumsitoota idil addunyaa waliin tumsuun qophii Koop32 agga hoogganan beeksiseera.
Biyyoonni miseensa konveenshinii hammatto jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii itti gaafatama qophheessummaa Itiyoophiyaaf kennuusaaniif mootummaan Itiyoophiyaa galateeffachaa qindeessummaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosiin hawaasa eegumsa haala qilleensaa addunyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uu ni ibsa jedheera.