ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii hojii qorannoo fi qo’annoo haala qindaa’een hojjechuu qabu - Ministira Barnootaa
Dec 22, 2025 0
Mudde13/2018(ENA)–Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii hojii qorannoo fi qo’annoo haala qindaa’een hojjechuu akka qaban Ministerri Barnootaa hubachiise. Foramiin Yunvarsiitii Appilaayid Saayinsii 3ffaan har’a Finfinneetti gaggeeffameera. Waltajjii marii kanarratti kan argaman Ministeera Barnootaatti hojii raawwachiisaan dhimma akkaadaamii Doktar Eebbaa Miijanaa akka dubbatanitti, dhaabbiileen Barnoota Olaanoo hojii baruu fi barsiisuu cinaatti hojii qorannoo fi qo’annoo hojjechuun dameelee adda addaan jijjiirama hawaasaa akka fidan taassifamaa jira. Kanaanis Yunvarsiitiiwwan gidd-ugala gahumsaa ta’anii hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessaniin hawaasa fayyadamoo taassisuun irraa eegama jedhaniiru. Keessumaa Yunvarsiitiiwwan Appilaayid saayinsii haala qindoomina qabuun haala qabatamaa naannoosaanii jiru gidd-ugaleeffachuun hojii qorannoo fi qo’annoo hojjechuun ergama isaanii bahuu akka qaban ibsniiru. Itti gaafatamaan Qindoomina Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii fi Pirezidaantiin Yunvarsiitii Dirree Dawaa Doktar Ubaay Adam gamasaaniin fooramichi Yunvarsiitiiwwan qoranno waliin hojjetaniif muuxannoo qooduu fi bu’aa qabeessummaa hojiiwwan qorannoo hojjetamaniin gamaggamuuf kan qopha’e dha jedhaniiru. Dhaabbileen Barnootaa olaanoon hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hawasarratti xiyyeeffatan hojjechuunii fi Teekinooloojiiwwan haarawaa beeksisuun hojiiwwan hawaasa fayyadamoo taassisan irratti hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru. Yunvarsiitichi damee hojii qabatamaan ergama kennameef milkeessuuf Qonnaan, Albuudaa fi hojiilee qorannoo adda addaa hawaasarratti xiyyeeffatan hojjechaa jirachuu pirezidaantiin Yunvarsiitii Asoosaa Doktar Kamaal Abduraahim dubbataniiru. Keessumaa qabeenya Maangoo fi Leemmanarratti hojiiwwan qorannoo raawwatamaa jiran Hawaasa Naannichaa fayyadamaa taassisuun eegumsaa fi kunuunsa qabeenyaan hojiiwwan hirmaannaa hawaasaa guddisan ta’uusaanii kaasaniiru. Foramicharratti bakka bu’aan Ministeera Barnootaa, Pirezidaantii Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii fi hoggantoonni damee Barnootaa biroon argamaniiru. Fooramiin Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii Yunvarsiitiiwwan 15 kan hammate yoo ta’u fooramiisaa jalqabaa Dirree Dawwaatti akkasumas 2ffaa Yunvarsiitii Arsiitti gaggeessuun isaa ni yaadatama.
Ergamaa fi dirqamoota biyyoolessaa nutti kenname gootummaan bahachuuf qophiidha- Eebbifamamtoota Miseensota Komaandoo Addaa
Dec 22, 2025 17
Mudde 13/2018(ENA)- Nageenya biyyaa fi ummataa eegsisuuf dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaan bahachuuf qophii ta’uu isaanii ibsan Miseensonni koomaandoo addaa eebbifaman. Poolisiin Itiyoophiyaa seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf miseensota humna komaandoo addaa kan akkaadaamii Poolisii Giddugala Leenjii Awaashitti leenji’an Kaleessa, bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti eebbiseera. Humni Komaandoo Addaa kun beekumsaa fi gootummaadhaan oppereeshiniiwwan akka raawwatus himameera. Miseensonni eebbifamtoota komaandoo addaa biyyaa fiuummata isaanii gootummaanii fi namummaadhaan tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Konistaabil Miikiyaas Gabayyoo,konistaabil Mirtinash Takkaa fi konistaabil Abdii Tafarraa yaada isaanii ENAf kennaniin, leenjiin fudhatan leenjii jabeenya qaamaa qofa osoo hin taanee kan bilchina sammuu fi ogummaa oppereeshinii ta’uu dubbataniiru. Haaluma kanaan ergama biyyaalessaa kamiyyuu gootummaan hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Leenjiin kunis ergama biraaf kan nama qopheessu ta’uu dubbataniiru. Biyyaa fi ummata badii kamirraayyuu eeguuf hanga wareegama lubbuutti qophii ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni kunneen dargaggoonni Itiyoophiyaa kaanis fakkeenya isaanii hordofuun biyya isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru. Eebbifamtoonni kunneen kutaalee biyyattii hundarraa kan walitti dhufan waan ta’eef, yeroon leenjiirra turan, yeroo tokkummaa Itiyoophiyaa qabatamaan itti argan ta’uu himaniiru.
Manni marichi dhimmoota misoomaa fi nageenyaa hawaasa tokko taasisan cimsee itti fufa
Dec 22, 2025 12
Mudde13/2018(ENA) -Manni maree bakka bu’oota uummataa Dippilomaasii Paarlaamaa fi hojiiwwan bakka bu’insaa dhimmoota misoomaa fi nageenyaa hawaasa tokko taasisan cimsee akka itti fufu Itti aantuun Af-yaa’ii Mana maree bakka bu’oota uummataa Loomii Badhoo ibsan. Ministeerri Nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa waliin ta’uun Mana Maree Federaalaa fi naannoolee seera baasuu, hojii hordoffii fi to’annoo yeroo taasisan nageenya hammachiisanii hojiirra akka oolchaniif dhimmoota dandeessisan irratti waltajjii marii qopheesseera. Itti aantuun Af-yaa’ii Mana maree bakka bu’oota uummataa Loomii Badhoo wayita kana akka jedhanitti, Nageenyi bu’uura guddina biyyaa ta’uu kaasaniiru. Kunis Omishtummaa Qonnaan Bulaaf, bu’aa qabeessummaa Daldalaaf, bu’aa qabeessummaa misooma mootiummaa fi Barattoonni kalaqawwan haawaraa maddisiisuuf murteessaa ta’u eeraniiru. Nageenyi harka keenya kan jiru malee eessayyuu kan fidnu miti kan jedhan Af-yaa’iin kun, nageenya biyya keenyaa eeguun lammii biyya keenyaa hundarraa kan eegamu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi nageenyaa ijaarsa biyyaa ta’uu ibsuun, nageenya biyya argamaa jiru cimsuun misooma biyyaa saffisiisuu qabna jedhaniiru. Manni mariachi Dippilomaasii Parlaamaaf, Hojiiwwan bakka bu’insaa fi sochiiwwan biroon hawaasa tokko kan godhan dhimmoota nageenyaa irratti tattaaffii taassisu cimsee akka ittifufu ibsaniiru. Kanaafis manni mariachi dhaabbileen nageenya dabalanii akka hojjetan to’annoo fi hordoffi akka godhu dubbataniiru. Kanarra darbee seerawwan faayidaa biyyoolessa qaban yeroo dhihaatan qooda nageenyaaf qaban gidduugaleessa taassisuun qophaa’uusaanii ni to’ata jedhaniiru. Dhaabbileen baajata ramadameefii kaayyoo maaliif olchanii to’annoo jedhu akka taasisu ibsaniiru. Waltajjicharratti Itti Aantuun Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo, Ministirri nageenyaa Maammad Idriis, waajjirra Miniteera muummeetti ministirri Qindeessa gidduugala ijaarsa Sirna Dimokiraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Inistituyuutichi damee industirii ijaarsaa karaa teeknooloojiin ceesisuuf hojii eegale cimsee itti fufuu qaba
Dec 22, 2025 15
Mudde 13/2018(ENA)- Inistituyuutiin manaajimantii konistiraakshinii idustirii ijaarsaa isaa beekumsaa fi teekinooloojiin guddisuuf hojii eegale cimsee akka itti fufu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbataa Dhimma Magaalaa, Bu'uuraalee misoomaa fi Geejjibaa beeksiseera. Inistituyuutiin Manajimantii Konistiraakshinii hojii qorannoo fi qo’annoon deeggarame, damee konistiraakshinii deeggaru irratti kan xiyyeeffate, qooda fudhattoota adda addaa kan hirmaachise agarsiisa qo’annoo fi qorannoo gaggeessaa jira. Agarsiisa qo’annoo fi qorannoo kana irratti kan argaman Dura taa'aan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Magaalaa, Bu'uuraalee fi Geejjibaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Piroofeesar Mohaammad Abdoo akka jedhanitti, inistiitiyuutichi dandeettii raawwii pirojektiii dame ijaarsaa guddisuuf hojiin hojjechaa jiru bu’aa agarsiisaa jira. Hanqina qulqullinaa, harkifannaa yeroo fi baasii olaanaa pirojektoota ijaarsaa kanaan dura mudate hir’isuuf hojiin qorannoo irratti hundaa’ee hojjetamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Bu’aa damichaan argamu daran guddisuuf hojiiwwan ce’umsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii humna namaa irratti xiyyeeffannoon kennamuu akka qabus dubbataniiru. Kanumaan walqabatee inistitiyuutichi beekumsaa fi teeknooloojiin industirii konistiraakshinii guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru cimee akka itti fufu dhaamaniiru. Deetaan Ministira Misooma Magaalaa fi Bu’u Misoomaa doktar Yeetimgeetaa Asraat gama isaaniitiin, industiriin ijaarsaa sadarkaa barbaadamurra akka ga’uuf xiyyeeffannoon addaa kennamee jiraachuu ibsaniiru. Industiricha humna namaa gahoomee fi teeknooloojiin ammayyeessuun akkasumas hojmaata ariifachiisaa diriirsuuf hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru. Meeshaalee ijaarsaa biyya alaatii galfaman biyya keessatti oomishuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Inistiitiyuutii manajimantii Konistiraakshinii Itiyoophiyaatti Daarektarri Olaanaa injiinar Tammiraat Muluu akka ibsanitti, pirojektoonni qulqullina sadarkaa kaa’ameefiin, yeroo fi baasii kaa’ameen xumuramuu kan isaan dandeessisu qorannoo fi qo’annoo irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Leenjiin beekumsa ijaarsa yeroo ammaa irratti xiyyeeffate ogeessotaa fi dhaabbilee damee kanarratti bobba’aniif kennamaa akka jiru himaniiru.
Taalentiin Bu’uuraalee Misoomaa Murteessaadha – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Dec 22, 2025 38
Mudde 13/2018(ENA)-Taalentiin bu’uuraalee Misoomaa murteessaa waan ta’eef Misooma biroo waliin qixa invasti gochuun barbaachisaadha jechuun Ministirri Muuummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muuummee Doktar Abiyyi Ahimad goolaba Dijiitala Itiyoophiyaa 2025 fi sirna jalqabsiisa Tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 irratti gaaffiiwwan hirmaattota irraa ka’eef deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee ibsa kennaniin, kalaqxoonni kan isaaniin dorgomu kan ittiin caalaan keessaa tokko fooyya’anii argamuun ta’uu dubbataniiru. Mootummaan kalaqqawwan gama fayyaa fi dameelee biroon hojjetaman akka jajjabeessu akkasumas deeggaree akka itti fayyadamu ibsaniiru. Kaayyoon guddaan Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 dandeettii haardiweerii yoo xinnaate roobootii mandhalee, bilbilaa fi ayipaadii uumuu dandeessisu uumuu ta’uu ibsanii, kun ammo sooftiweerii keessaa baanee haardiweerii ijaaruuf carraa uuma jedhaniiru. Gama biroon Al-ergii bunaa dachaa 3n guddachuu ibsuun, kana dijiitaalaan deeggaruu fi sona dabaluun erguu akka qabnuu fi kanaafis motummaan cimsee akka hojjetu mirkaneessaniiru. Mootummaan gabaa Itiyoophiyaarra darbee kaampaaniin teekinooloojii gara gabaa Afriikaatti fudhatan humna guutuun akka deeggaru dubbataniiru. Mootummaan kanneen akka elektiriikii, Daandii fi telekomunikeeshiniin hundi bu’uuraalee misoomaa murteessaadha jedhee amana kan jedhan Ministirri Muummee kanaafis hojiiwwan hedduu hojjechuu ibsaniiru. INSAn kan eegalee fi cimee kan itti fufe SamarKaampiin, Mana kitaabaa Abirootitti waggaa waggaan dorgommii Roobotii gaggeeffamuu fi Inistitiyuutii Hubannaa namtolchee yeroo dhiyoo eegale gamoon bu’uuraalee Misoomaa Istaart Appii agarsiistuu kanaati jedhaniiru. Dabalataanis waajjiraalee mootummaa qulqullina qabanii fi Istaart App jedhamanii bakkeewwan qophaa’an uumamuusaanii ibsaniiru. Hoggantoonni motummaa hamma hojii hojjennu Dandeettiirraatti Invastii gochuu akka qaban jechuun Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad kan dubbatan yoo ta’u , dhaabbiileen Istaart Appii xixiqqaan akka guddatanii fi akka hin badne gochuun itti gaafatamummaa dachaa hoggantoota hojii mootummaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Siyaasa

Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an marii ummataatiin kaafamaniiru-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Dec 21, 2025 191
Mudde 12/2018 (TOI)- Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an waltajjii ummataa magaalaa Miizaan Amaanitti gaggeeffamerratti bal’inaan kaafamuusaanii hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama. Mariiwwan ummataa gaggeeffaman ilaalchisuun hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo Biroon ibsa kennaniiru. Hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana marii ummataa naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa magaalaa Miizan Amaanitti taa’ame gaggeessuusaanii dubbataniiru. Namoonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa dhufan dargaggoonni, dubartoonni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonnii fi hojjettoonni mootummaa marii cimaa taasisuusaanii ibsaniiru. Hirmaattonni kunneen hojiiwwan hojjetaman dinqisiifachuusaanii fi wantoota sirraa’uu qabanis kaasuusaanii eeraniiru. Labsiiwwan Gubaa dabalatee dhimma ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa akka mikaa’an yaada bal’aa kaasuusaanii dubbataniiru. Yaadonni kaafaman kunneen ammoo gaabbii fi kaka’umsa caalu kan uuman waan ta’eef, hojiilee fuuldura akka biyyaatti hojjetamaniif galaa fi humna waan ta’aniif galtee ta’uun fudhatamu jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuutiin Nageenyaa fi Misooma Gaanfa Afriikaaf shoora adda durummaashee bahaa jirti
Dec 20, 2025 176
Mudde11/2018(ENA)- Itiyoophiyaan yaadama Ida’amuutiin Gaanfa Afriikaa jijjiiramaa ta’e keessatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf qooda adda durummaashee bahaa jiraachuu Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el ibsan. Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el (POA) waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan Biriiksitti(BRICS) tumsa gam hedduun sagalee Afriikaa dhageessisuuf hirmaannaa guddaa taassiaa jiraachuusee dubbataniiru. Haalli teessuma Gaanfa Afriikaa sochii daldalaaf mijattuu ta’uu kaasuun, sochiin daldala Addunyaa dhibbantaa 30 kan adeensifamu riijinii kana keessatti kan raawwatamu ta’u dubbataniiru. Riijinichi fedhiin qaamolee hedduu kan keessa jiru ta’uu Itiyoophiyaan Faayidaa biyyoolessaashee haala eegsisuun biyyoota waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuun Nageenyaa fi misooma gaanfa Afriikaa Jijjiiramaa ta’e mirkaneessuuf shoora adda durummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa Itiyoophiyaan Riijinichatti uumtu yaadama ida’amuun dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibaniiru. Karoora misoomaa milkeessuuf tumsa biyyoota waliin qabdu cimsuu akka qabdu eeruun kanaafis tattaaffii dhuunfaan olitti ida’amuun bu’aa qabeessa taasisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan walii galteen Daldala Riijinii bilisaa Afriikaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen Riijinii akka hundeeffamanii fi tokkummaan Afriikaa akka cimuuf Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahuushee ibsaniiru. Hidhi haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Dippiloomaasii cimaan xumurmuunsaa Itiyoophiyaarra darbee Afriikaan hundi kan itti boonu ta’uu kan kaasan Obbo Nabiyyuun, hidhichi walitti hidhaminisa Diinagdee Riijinichaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Gama biroon Itiyoophiyaan BRICS’tti tumsa gam hedduu fi hirmaannaa guddaa taassisuun ofirra darbitee sagalee Afriikaa dhageessisuushee ibsaniiru. Itiyoophiyaan Biyyoota Miseensa BRICS waliin tumsa qabdu cimsuun karoora misoomaa fi faayidaa biyyoolessaashee kabachiisuuf ni hojjetti jedhaniiru.
Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera
Dec 20, 2025 132
Mudde11/2018(ENA)-Godina Gujii Lixaatti olaantummaa seeraa fi nageenyaa waraa mirkaneessuuf hojiin qindoominaa hawaasa hirmaachise cimanii ittifufuusanii Wajjirri Bulchiinsaa Godinichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajirichaa Obbo Ayyalaa Danbaa hidhattoonni duraanii waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii deebi’uunsaanii itti fufeera jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii gara nagaatti deebi’an leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamanii jireenya idileesanii akka gaggeeffatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Gara fuulduraattis Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya kabachiisuu fi cimsuuf hojiin qindoominaa hawaasa haala hirmaachise cimanii itti fufuu ibsaniiru. Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan kutaa miidiyaa fi komunikeeshinii Inispeektar Fayyeeraa Keeyiraddin, hidhattoonni duraanii guyyaa guyyaan gara daandii nagaatti dhufaa jiraachuu ibsaniiru. Karaa dogoggoraan rakkoo keessa kan seenan hidhattoonni duraanii gara nagaatti akka dhufaniif Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni waamicha taassisaa turuusaanii yaadachuun, kunis bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru. Jiraattota Godinichaa keessaa Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo, Jaarsolii biyyaa godinichaa fi kutaa hawaasaa biroo waliin ta’uun hidhattoota duriif waamicha nagaa taassisaa turuusaanii ibnsaniiru. Kanaanis hidhattoonni durii hedduun Aadaa fi duudhaasaanii akkasumas, waadaasaanii kabajuun deebi’aa waan jiraniif godinichatti nageenyi bu’eera jedhaniiru. Rakkoo mariin hiikuun ala wal miidhuurraa faayidaan argamuu fi jijiiramni dhufu hin jiru jedhaniiru. Hidhattoota gara nagaatti deebi’an keessaa, Liiban Shaggaa yaada kennanneen nageenya filachuun deebi’uun hawaasa miidhe kiisuuf qophaa’uusaa ibseera. Hidhattoonni bosonatti hafanis waamicha nagaa fudhatanii akka deebi’aniif dhaamsa dabarseera.
Hirmaannaa qooda fudhattootaa nageenya eegsisuu keessatti qaban cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru
Dec 19, 2025 272
Mudde 10/2018(TOI)-Hirmaannaa qooda fudhattootaa nageenya eegsisuu keessatti qaban cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiraachuu ibsame. Waltajjiin marii gahee hawaasni barnootaa nagaa ijaaruu keessatti qabu cimsuuf kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti haasawaa kan taasisan Ministeera Nageenyaatti Itti Gaafatamaan Deeskii Ijaarsa Nagaa obbo Wandasan Mokonnon akka jedhanitti, qooda fudhattoonni hundi adeemsa ijaarsa nagaa abbummaan akka hojjetaniif hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jira. Kanaaf mootummaan Marii Biyyoolessaa hunda hammataa ta’e waliigaltee dhabuu fi walitti bu’iinsa jiru dhaabbataan furuuf, qophii caasaa diriirsuu irra darbee, haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun, bu’uuraalee seeraa haqaa ce’umsaa diriirsuun nagaa buusuuf tattaaffiin bu’a qabeessa taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaloonni safuu fi duudhaa gaariin akka guddatu manneen barnootaa keessatti kilaboota nageenyaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti fooramiiwwan nageenyaa qopheessuun ijaarsa nageenyaa irratti hojjechaa akka jiramu dubbataniiru. Kanaanis manneen barnootaa keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu nagaan akka raawwatamu mirkanaa’uu ibsaniiru. Dantaa biyyoolessaa eegsisuu fi hubannoo seenessa waloo uumuu, eenyummaa fi duudhaalee biyyaalessaa guddisuuf tajaajilli tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa dargaggoonni irratti hirmaatan guddisuun, yaada naannoo irra darbanii waa’ee Itiyoophiyaa akka baran gargaaruun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanumaan walqabatees dhaabbilee amantaa, jaarmiyaalee hawaasa lammummaa, fi qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Ministeera Barnootaatti Hogganaan Deeskii Sirna Barnootaa Omar Yimaam akka jedhanitti, dhaabbileen barnootaa beekumsaa fi ogummaa qaruun bira darbee nageenya ijaaruu irratti xiyyeeffachuu qabu. Lammiilee gidduutti walii galtee fi wal hubannoo jiru,tokkummaa fi ijaarsa namuusaaf afaayidaa olaanaa qabaachuus ibasniiru. Waltajjiin marii kun manneen barnootaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti nageenya dagaagsuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf galtee kennuu keessatti gahee murteessaa akka qabus hubachiisaniiru.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohaammad waliin mari’atan
Dec 19, 2025 265
Mudde 10/2018 (TOI)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii rippaabiliikii federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohaammad waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitii isaaniin dabarsaniin pirezidaantii Somaaliyaa daawwannaa hojii guyyaa tokkoof simachuusaanii ibsaniiru. Mariilee hariiroo gam lame wagga tokkoof irratti hojjechaa turre itti fufuun marii firii qabu gooneerra jedhaniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaasaaniin akka ibsanitti, yaanni wal jijjiirre dhimmoota keenya waloo dursi kennamuuf raawwachuuf akkasumas hariiroo cimaaf, tasgabbii riijinii fi misoomaaf kutannoo qabnu irra deebi’uun kan cimse ture.
Waltajjiin Marii Hawaasaa Hararitti gaggeeffame misoomaa fi ijaarsa nageenya waaraaf ejjennoon waloo kan itti fudhatamedha
Dec 19, 2025 176
Mudde10/2018(ENA)- Waltajjiin Marii Hawaasaa Hararitti gaggeeffame misomaa fi Ijaarsa nageenyaa fulla’aaf ejjennoon waloo kan itti fudhatame ta’uu Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira damee Naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa ibsan. Naannoo Hararii dabalatee Magaalaa Finfinnee fi magaalota naannoolee adda addaatti mariin hawaasaa mataduree “labsii guubaa, bu’alee mootummaa ida’amuu ” jedhuun gaggeeffamaa turuunsaa ni yaadatama. Waltajjiin kanaan hojiileen misoomaa Mootummaadhaan eegalamanii fi abdiin irra kaa’ame akka itti fufaniif, nagaa fi tasgabbiitiif xiyyeeffannoon hojjechuu, qaala’insa jireenyaa to’achuurratti yaadni hirmaattotarraa baay’inaan ka’eera. Waltajjii marii hararitti gaggeeffamerraa qabxiiwwan bu’uuraa maalfaatu ka’ee? Jechuun ENA Afaan oromoo, itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa dubbiseera. Marii gaggeeffameen hawaasni abbaa misoomaa fi Nageenyaa ta’uusaa qabatamaan kan argisiise akkasumas jalqabbii gaarii mootummaaf beekamtii kan kenne ta’uu ibsaniiru. Waltajjichaan hawaasni bulchiinsa gaarii, bu’uuraalee misoomaa, nageenya cimsuu, kenna tajaajilaa fi hojiiwwan misoomaa biroo irratti Hawaasni hirmaannaasaa kan argisiisee fi hojii hojjetameefis beekamtii kan kennedha jedhaniiru. Haaluma Kanaan hojiiwwan misoomaa eegalaman galmaan ga’uun, hanqinoota ka’an sirreessuu fi fayyadamummaa hawaasaaf caalaatti dhimmuuf waltajjii hoggantoonni itti waadaa galan ta’uu ibsaniiru. Mootummaan misooma waloo fi tokkummaa sabdaneessummaaf dhimmuun bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu kaasuun galteewwan hawaasarraa argaman fudhachuun, hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru milkaa’ina caaluuf hojjechuuf qophaa’eera jedhaniiru. Hawaasni Naannichaa Nageenya fi misoomaa deeggarsa taasisaa jiruuf galateeffatanii, hojiiwwan fuulduratti hojjetamaniif deeggarsisaanii cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Rakkoolee karaa nagaan furuun bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaa hammataa ta’eef qooda olaanaa qaba
Dec 18, 2025 287
Mudde 9/2018(TOI)- Rakkoolee Itiyoophiyaa keessa jiran karaa nagaan furuun bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaa hammataa ta’eef qooda olaanaa akka qabu komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayyee ibsan. Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayyee TOI waliin turtii taasisaniin, wantoota akka biyyaatti irratti waliigalamu adda baasuun mari’achuu fi rakkoo Jiraniif furmaata egeree kaa’uun ergama ijoo komishinichaati jedhaniiru. Komishinarichi qaamolee karaa nagaa mari’achuu barbaadan hirmaachisuu fi yaada qaban achi keessatti qabachuuf haala mijataa uumaa akka jiru dubbataniiru. Waggoottan darban mootummaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun hojii hojjeteen bu’aaleen hedduu argamuusaanii kaasaniiru. Hidhattoota duraanii gara filmaata nagaatti deebisuun biyyattiitti nagaa fi misooma mirkaneessuuf tattaaffii taasifamuuf bu’ura ta’uusaa eeraniiru. Hidhattoonni duraanii karaa nagaa filachuunsaanii adeemsa marichaaf tarkaanfii gaarii akka ta’u dubbataniiru. Dabalataanis maricha caalaatti hammataa akka taasisuu fi milkaa’inasaafis qooda ijoo akka qabaatu ibsaniiru. Filmaattonni karaa nagaa yeroo amma mul’achaa jiran guddina akka biyyaatti eegamuuf bu’ura guddaa fidanii dhufuusaanii dubbataniiru.

Hawaasummaa
Manni marichi dhimmoota misoomaa fi nageenyaa hawaasa tokko taasisan cimsee itti fufa
Dec 22, 2025 12
Mudde13/2018(ENA) -Manni maree bakka bu’oota uummataa Dippilomaasii Paarlaamaa fi hojiiwwan bakka bu’insaa dhimmoota misoomaa fi nageenyaa hawaasa tokko taasisan cimsee akka itti fufu Itti aantuun Af-yaa’ii Mana maree bakka bu’oota uummataa Loomii Badhoo ibsan. Ministeerri Nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa waliin ta’uun Mana Maree Federaalaa fi naannoolee seera baasuu, hojii hordoffii fi to’annoo yeroo taasisan nageenya hammachiisanii hojiirra akka oolchaniif dhimmoota dandeessisan irratti waltajjii marii qopheesseera. Itti aantuun Af-yaa’ii Mana maree bakka bu’oota uummataa Loomii Badhoo wayita kana akka jedhanitti, Nageenyi bu’uura guddina biyyaa ta’uu kaasaniiru. Kunis Omishtummaa Qonnaan Bulaaf, bu’aa qabeessummaa Daldalaaf, bu’aa qabeessummaa misooma mootiummaa fi Barattoonni kalaqawwan haawaraa maddisiisuuf murteessaa ta’u eeraniiru. Nageenyi harka keenya kan jiru malee eessayyuu kan fidnu miti kan jedhan Af-yaa’iin kun, nageenya biyya keenyaa eeguun lammii biyya keenyaa hundarraa kan eegamu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi nageenyaa ijaarsa biyyaa ta’uu ibsuun, nageenya biyya argamaa jiru cimsuun misooma biyyaa saffisiisuu qabna jedhaniiru. Manni mariachi Dippilomaasii Parlaamaaf, Hojiiwwan bakka bu’insaa fi sochiiwwan biroon hawaasa tokko kan godhan dhimmoota nageenyaa irratti tattaaffii taassisu cimsee akka ittifufu ibsaniiru. Kanaafis manni mariachi dhaabbileen nageenya dabalanii akka hojjetan to’annoo fi hordoffi akka godhu dubbataniiru. Kanarra darbee seerawwan faayidaa biyyoolessa qaban yeroo dhihaatan qooda nageenyaaf qaban gidduugaleessa taassisuun qophaa’uusaanii ni to’ata jedhaniiru. Dhaabbileen baajata ramadameefii kaayyoo maaliif olchanii to’annoo jedhu akka taasisu ibsaniiru. Waltajjicharratti Itti Aantuun Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo, Ministirri nageenyaa Maammad Idriis, waajjirra Miniteera muummeetti ministirri Qindeessa gidduugala ijaarsa Sirna Dimokiraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Kenni Tajaajilaa Hospitaala walii galaa Asoosaa Muuxannoon kan irraa fudhatamu dha
Dec 19, 2025 202
Mudde 10/2018(ENA)- Kenni Tajaajilaa fi itti fayyadama Oksijiinii Hospitaala Waliigalaa Asoosaa muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu Deetaan Ministira Fayyaa Fireehiwoot Abbabaa Dubbatan. Hirmaattonni Qorannoon biyyoolessaa oksijiinii wal’aansaa Magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jiru irratti argaman Kenni Tajaajilaa fi itti fayyadama Oksijiinii Hospitaala waliigalaa Asoosaa daawwataniiru. Deetaan Ministira Fayyaa Fireehiwoot Abbabaa akka dubbatanitti, Hospitaalichi oksojinii wal’aansaa Omishuu eegaluusaan kenna tajaajilasaa faayyessuurra darbee hawaasa naannichaa baasii fi bu’aa bahii irraa oolcheera. Oksijiinii Hospitaalichi Omishu bakka wal’aanamtoonni jiranitti sararaan waliin ga’uuf hojii eegale Hospitaalota biroof muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu dubbataniiru. Hospitaalichi ijaarsa wal’aansa tasaaf ta’u hojjechaa jiraachuu kan dubbatan Deetaan Ministiraa kunis Hospitaalichi sadarkaasaa kan eeggatee fi wal’aansa gosa hundaaf qophii akka ta’u taasisa jedhaniiru. Ministeerichi kenna tajaajilaasaa caalaatti akka fooyyessuuf maashinoota baqaqsanii yaaluu gargaaru deeggarsa taasisuu eeruun, fuuldurattis qooda fudhattoota waliin marii’achuun deeggarsa barbaachisaa Hospitaalichaa akka taassisu eerara. Daawwannicharratti kan hirmaatan hojii raawwachiisaan Hospitaalaa Barnootaa Yunvarsiitii Diillaa Obbo Tizaalany Tasfaayee fi Kolleejjii Medikaalaa Hospitaala Adaamaarraa kana dhufan doktar Sintaayyoo Takilee akka jedhanitti, Hospitaala walii galaa Asoosaatti fayyadamni oksijiinii yaalaa fooyy’aa ta’uu dubbataniiru. Keessumaa Oksijiiniin siliindara dabalatee kutaa wal’aanamtoonni argamanitti hojiin sararaan wal-qunnamsiisuu fi ijaarsi babal’isuu Hospitaalichaa kenna wal’aansaa ammayaaf mijataa ta’uu ibsaniiru. Hojii gaggeessan Hospitala walii galaa Asoosaa Jaafar Marqanii gamasaaniin Hospitaalichi naannichaa fi naannoolee ollaaf fi godaantota naannichatti argamaniif tajaajila kennaa jiraachuu ibsuun, oksijiinii omishuu jalqabuunsaa kenna tajaajilasa fooyyessuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. #EnaAfaanorormoo#ENA#TOI
Naannoo Oromiyaatti sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennameera
Dec 19, 2025 217
Mudde 10/2018(TOI) – Naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee raawwataman keessaa sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Biiroon Barnootaa Naannichaa ibse. Magaalaa Naqamteetti, mana barumsaa Bakkee Jamaa sadarkaa tokkoffaa gara sadarkaa lammaffaatti guddisuuf sagantaa adeemsifame irratti hoggantoonni naannoofi magaalittii argamanitti gaggeeffameera. Akka itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Efreem Tasammaa jedhanitti qulqullina barnootaa naannichaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Hojiilee kanneen keessaa sadrkaa manneen barnootaa fooyyessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jraachuu eeraniiru. Manneen barnootaa saarkaan isaanii fooyyeffaman keessaa tokko Mana barumsaa Bakkee Jamaa eeruun, sadarkaa mana barumsaa kana fooyyessuufi birrii miliyoona 71 akka gaafatu ibsaniiru. Ijaarsi babal’isuu gaafa xumuramu immoo barattoota hanga kuma tokkoo ol simachuu akka danda’u ibsaniiru. Ijaarsi isaas baatii sagal keessatti kan xumuramu ta’uu ibsuun, ijaarsa isaas dhaabbanni OBAM akka xumuru himaniiru. Qulqullina barnootaa eegsisuuf dhaloota dorgomaafi gahoomaa ta’e horachuuf dhaabbilee barnootaa mijatoo ta’e uumuun barbaachisaadha kan jedhan immoo kantiibaa magaalaa Naqamtee Masarat Hayiluu dha. Humna nama baratee dorgomaa horachuuf bu’uurarraa kunuunsuun guddisuun murteessaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf manneen barnootaa sadarkaa 1ffaarratti xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Kana dhugoomsuuf Biiroon Barnootaa Oromiyaa Waajjira Barnootaa Magaalaa Nagamtee waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Ijaarsi Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Bakkee Jamaa gaaffii hawaasa naannichaa yeroo dheeraa kan deebise ta’uu dubbataniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Naqamtee obbo Caalaa Gammadaa Ijaarsi Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Bakkee Jamaa gaaffii hawaasaa kan deebise ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Mana Barumsichaa hanqina daree Barnootaa kan furu ta’uu ibsaniiru. Namoota sadarkaan mana barumsichaa fooyya’uu ilaachisee yaada kennan keessaa jiraataan ganda 06 obbo Fiqaaduu Dabalee magaalichatti qulqullina Barnootaa eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru. Aadde Itiyyee Bashaa gamasaaniin ijaarsi babal’isuu ijoolleen keenya mana barumsaa sadarkaa 2ffaa dhiheenyatti akka argatan dorgomummaansaanii akka dabaluuf carraa bana jedhaniiru.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa Biilalul Habashii daawwatan
Dec 19, 2025 158
Mudde 10/2018 (TOI)-Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa Biilalul Habashii naannawa Bakkanniisaatti argamu daawwataniiru. Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti dabarsaniin Biilalul Habshiin qama seenaa Itiyoophiyaa kan ta’e golambaa imala islaamummaa Itiyoophiyaa ka’umsarraa amma ammaatti jiru agarsiisu gurmeessuusaa ibsaniiru. Golambaawwan seenaa Islaamummaa yaadatan xiqqaa waan ta’aniif, golambaan kun gatii guddaa qaba jedhaniiru. Seenaan Hijiraa jalqabaarraa eegalee jiru golambaa kana keessatti akka agarsiifamu eeranii, kun ammoo Itiyoophiyaan bakka boqonnaa Sohaabaawwan hedduu, bakka Aliimonni gurguddoon itti argamanii fi buufata hambaalee islaamummaa dinqisiisoo akka taate kan agarsiisu akka ta’e ibsaniiru. Dahaabbatichi dargaggoota ogummaan leenjisee hojiif qopheessuun, harka qalleeyyii deeggaruun, qorannoo fi qu’annoo deeggaruun, bakka dargaggoonni oolan mijataa qopheessuun gumaachi taasisu baay’ee guddaadha jechuun dinqisiifataniiru. Biilaluu Habashii kaayyoo iddiroonni amma qabatan caalaa raawwachuun jireenya hawaasaa jijjiiruu akka danda’an dhaabbata fakkeenya qabu ta’uusaa himaniiru. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ergaasaaniin dhaabbaticha deeggaruun seenaa keenya akka kunuunsinuu fi dargaggoota keenya akka ga’oomsinu waamicha dabarsaniiru.
Diinagdee
Inistituyuutichi damee industirii ijaarsaa karaa teeknooloojiin ceesisuuf hojii eegale cimsee itti fufuu qaba
Dec 22, 2025 15
Mudde 13/2018(ENA)- Inistituyuutiin manaajimantii konistiraakshinii idustirii ijaarsaa isaa beekumsaa fi teekinooloojiin guddisuuf hojii eegale cimsee akka itti fufu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbataa Dhimma Magaalaa, Bu'uuraalee misoomaa fi Geejjibaa beeksiseera. Inistituyuutiin Manajimantii Konistiraakshinii hojii qorannoo fi qo’annoon deeggarame, damee konistiraakshinii deeggaru irratti kan xiyyeeffate, qooda fudhattoota adda addaa kan hirmaachise agarsiisa qo’annoo fi qorannoo gaggeessaa jira. Agarsiisa qo’annoo fi qorannoo kana irratti kan argaman Dura taa'aan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Magaalaa, Bu'uuraalee fi Geejjibaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Piroofeesar Mohaammad Abdoo akka jedhanitti, inistiitiyuutichi dandeettii raawwii pirojektiii dame ijaarsaa guddisuuf hojiin hojjechaa jiru bu’aa agarsiisaa jira. Hanqina qulqullinaa, harkifannaa yeroo fi baasii olaanaa pirojektoota ijaarsaa kanaan dura mudate hir’isuuf hojiin qorannoo irratti hundaa’ee hojjetamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Bu’aa damichaan argamu daran guddisuuf hojiiwwan ce’umsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii humna namaa irratti xiyyeeffannoon kennamuu akka qabus dubbataniiru. Kanumaan walqabatee inistitiyuutichi beekumsaa fi teeknooloojiin industirii konistiraakshinii guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru cimee akka itti fufu dhaamaniiru. Deetaan Ministira Misooma Magaalaa fi Bu’u Misoomaa doktar Yeetimgeetaa Asraat gama isaaniitiin, industiriin ijaarsaa sadarkaa barbaadamurra akka ga’uuf xiyyeeffannoon addaa kennamee jiraachuu ibsaniiru. Industiricha humna namaa gahoomee fi teeknooloojiin ammayyeessuun akkasumas hojmaata ariifachiisaa diriirsuuf hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru. Meeshaalee ijaarsaa biyya alaatii galfaman biyya keessatti oomishuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Inistiitiyuutii manajimantii Konistiraakshinii Itiyoophiyaatti Daarektarri Olaanaa injiinar Tammiraat Muluu akka ibsanitti, pirojektoonni qulqullina sadarkaa kaa’ameefiin, yeroo fi baasii kaa’ameen xumuramuu kan isaan dandeessisu qorannoo fi qo’annoo irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Leenjiin beekumsa ijaarsa yeroo ammaa irratti xiyyeeffate ogeessotaa fi dhaabbilee damee kanarratti bobba’aniif kennamaa akka jiru himaniiru.
Mariileen ummataa bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru kan itti mirkaneessinedha-Ministira Caaltuu Saanii
Dec 21, 2025 150
Mudde 12/2018(TOI)- Mariileen ummataa tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffaman bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru kan itti mirkaneessinedha jedhan Ministirri magaalaa fi bu’ura nisoomaa Caaltuu Saanii. Marii gaggeeffaman irraa humnaa fi dandeettii dabalataa arganneerra jechuun dubbatan ministirri Caaltuu Saanii. Mariileen ummataa tibbana mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummmaa ida’amuu” jedhuun Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama. Ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii marii ummataa naannoo jiddu gala Itiyoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffamerratti argamuun, bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru mariilee ummataarraa mirkaneessineerra jedhaniiru. Jijjiiramaan asitti kallattiin ummata bira gahuun mariisisuun aadaa ta’ee fulla’uu ibsaniiru. Ummanni gaaffii fi yaada qabu wallabaan ibsachuusaa eeranii, kun ammo dandeettii fi humna dabalataa akka argannu nugargaareera jedhaniiru. Ummanni Misooma kooriidarii dabalatee jijjiirama ijaarsa magaalaa fi bu’ura misoomaa irratti dhufe kaasuusaa fi dinqisiifachuusaa ibsaniiru. Gama biraan naannichatti akkasumas magaalattiitti rakkoon hojii dhabdummaa jiraachuusaa fi rakkoon kun akka furamu gaafachuusaa dubbataniiru. Gaaffilee misoomaa marii kanarratti kaafaman adeemsaan furuun walii galamuu ministirri kun ibsaniiru. Dhimmoonni Kanaan dura gaafatamanii turan maalirra akka jiran dursuun ibsi kan itti kenname ta’uunsaa marii kana adda akka isa taasisu eeranii, kun ammoo mootummaan ummata dhaggeeffachaa akka jiru agarsiisa jedhaniiru.
Damee loojistiksii irratti hojiilee hojjetamaniin fooyya’insi olaanaa argameera
Dec 20, 2025 133
Mudde 11/2018(ENA)-Damee loojistiksii Itiyoophiyaa irratti hojiilee reefoormii hojjetamaniin fooyya’ins olaanaan mul’achuu Ministirri Ministeera Geejibaa fi Loojistiksii doktar Alamuu Simee beeksisan. Ministeerri Geejibaa fi Loojistiksii meeshaalee Komishinii Gumuruukaaf tajaajila “elektirooniksii kaargoof’’oolu deeggarsa kenne. Ministirri Geejjibaa fi Loojistiskii, doktar Alamuu Simee yeroo wal-harkaa fuudhinsa meeshaalee kanaa dubbatanitti, deeggarsa teeknooloojii haaraan kun rakkoolee bu’uuraa damicha keessatti mul’atan furuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, kana malees nageenya meeshaalee biyya alaatii galanii fi biyya keessaa bahan mirkaneessuudha. Teeknooloojiin kun meeshaaleen karaa elektirooniksii saamsamanii, bakka ka’umsa isaanii irraa ka’anii hanga gahumsa isaanii gahanitti osoo addaan hin ciccitiiniifi osoo hin dhaabatiin akka geejjibsiifaman taasisa. Kunis meeshaaleetti darbee darbee daandii irratti akka wantoonni hin barbaachifne itti hin dabalamne gargaara jedhani. Meeshaalee kontiroobaandii seera qabeessa fakkeessanii dabarsuuf kan yaalanis ittusuuf kan gargaaru ta’uu eeruun, hojmaanni kuni hojii damee kanaa dachaan kan guddisu ta’uu himaniiru. Fooyya’iinsa damee loojistikii keessatti mul’ate keessatti Komishiniin Gumurukaa gahee olaanaa taphachuu isaa ibsuun, bu’aa damichaan argame guddisuuf ciminaan hojjetamuun akka itti fufu mirkaneessaniiru. Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiskii obbo Dheengee Boruu gama isaaniin, tarsiimoon loojistikii waggoota 10f qophaa’ee ture fooyya’uu isaa beeksisaniiru. Tarsiimoon fooyya'ee waggoota shanan dhufan keessatti hojiirra oolu kun dhimmoota ilaalcha "Mootummaa Ida’amuutiin" dhimmoota duubatti hafan irratti xiyyeeffachuun damichaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta'uu ibsaniiru. Deeggarsi taasifame hariiroo hojii dhaabbilee lamaan gidduu jiru sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu Komishinarri Gumuruukaa Dabalee Qaabataa ibsaniiru. Deeggarsi kun sirna daldalaa nageenyummaan isaa eegamee fi sirrii ta’e adeemsisuun Komishinichaaf gargaarsa guddaa akka ta’u himaniiru
Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan afran darban keessa oomishni qurxummii toonii 187 argameera
Dec 20, 2025 111
Mudde 11/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan afran darban keessa oomishni qurxummii toonii 187 argamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise. Biiroo Qonna Naannoo Oromiyaatti ogeessi misoomaa fi teeknooloojii qurxummii obbo Milkeessaa Nagaasaa ENAtti akka himanitti, naannichatti oomishaa fi oomishtummaa qurxummii guddisuuf hojjetamaa jira. Keessattuu adeemsa oomisha qurxummii ammayyeessuuf hojiin qorannoo irratti hundaa’e qooda fudhattoota hirmaachisuun hojjetamaa turuu ibsaniiru. Adeemsa kana keessattis oomisha qurxummii bishaan gurguddaa keessatti argamuun alattis qonnaan bultoonni bishaan kuufamaa xixiqqoo keessatti oomisha qurxummii irratti akka hirmaatan hubannoo fi leenjiin kennameeraaf jedhan. Hojii kana milkeessuufis cuucii qurxummiiwwan sanyii fooyya’aa qaban kan giddugala keessaa bahan qonnan bultootaaf dhiyeessuun deeggarsa taasisaa tureera jedhani. Waggoota sadan darbanitti keessumaa naannoo gammoojjiitti hidha jallisii xixiqqaa fi giddu galeessaa fayyadamuun oomishni qurxummii raawwatamaa akka ture himaniiru. Naannichatti waggaa darbe qurxummiin toonii 331 argamuu eeruun, bara kanatti immoo toonii 337 argachuuf karoorfamee baatii afran darbanitti qurxummii toonii 187 argachuun danda’ameera jedhan. Akkasumas, horsiisa qurxummii qonna magaalaa waliin walitti makuun wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuuf galmi qabame hojiirra oolaa jiraachuus ibsaniiru. Misoomni qurxummii godinoota naannichaa hundatti adeemsifamaa jiraachuu ibsuun, godinoota Shawaa Kaabaa, Jimma Horroo Guduruu Wallaggaa, Gujii Lixaatti haala foyya’insa qabuun adeemsifamaa jiraachuu eeraniiru. Akkasumas bishaan haroo xixiqqaa kuma 1 fi 781 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti haroowwan xixiqqaa 508 kan qopheeffaman ta’uu ibsuun, cuucii qurxummii kuma 600 ol raabsuun danda’ameera jedhan. Itti dabaluunis, qonnaan bultoonni damee kanarratti bobba’an hojii qonnaa idilee isaanii cinatti qurxummii misoomsuun bu’aa fooyya’aa argamsiisan irraa kan ka’e kaka’umsi isaanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiran ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii hojii qorannoo fi qo’annoo haala qindaa’een hojjechuu qabu - Ministira Barnootaa
Dec 22, 2025 0
Mudde13/2018(ENA)–Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii hojii qorannoo fi qo’annoo haala qindaa’een hojjechuu akka qaban Ministerri Barnootaa hubachiise. Foramiin Yunvarsiitii Appilaayid Saayinsii 3ffaan har’a Finfinneetti gaggeeffameera. Waltajjii marii kanarratti kan argaman Ministeera Barnootaatti hojii raawwachiisaan dhimma akkaadaamii Doktar Eebbaa Miijanaa akka dubbatanitti, dhaabbiileen Barnoota Olaanoo hojii baruu fi barsiisuu cinaatti hojii qorannoo fi qo’annoo hojjechuun dameelee adda addaan jijjiirama hawaasaa akka fidan taassifamaa jira. Kanaanis Yunvarsiitiiwwan gidd-ugala gahumsaa ta’anii hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessaniin hawaasa fayyadamoo taassisuun irraa eegama jedhaniiru. Keessumaa Yunvarsiitiiwwan Appilaayid saayinsii haala qindoomina qabuun haala qabatamaa naannoosaanii jiru gidd-ugaleeffachuun hojii qorannoo fi qo’annoo hojjechuun ergama isaanii bahuu akka qaban ibsniiru. Itti gaafatamaan Qindoomina Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii fi Pirezidaantiin Yunvarsiitii Dirree Dawaa Doktar Ubaay Adam gamasaaniin fooramichi Yunvarsiitiiwwan qoranno waliin hojjetaniif muuxannoo qooduu fi bu’aa qabeessummaa hojiiwwan qorannoo hojjetamaniin gamaggamuuf kan qopha’e dha jedhaniiru. Dhaabbileen Barnootaa olaanoon hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hawasarratti xiyyeeffatan hojjechuunii fi Teekinooloojiiwwan haarawaa beeksisuun hojiiwwan hawaasa fayyadamoo taassisan irratti hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru. Yunvarsiitichi damee hojii qabatamaan ergama kennameef milkeessuuf Qonnaan, Albuudaa fi hojiilee qorannoo adda addaa hawaasarratti xiyyeeffatan hojjechaa jirachuu pirezidaantiin Yunvarsiitii Asoosaa Doktar Kamaal Abduraahim dubbataniiru. Keessumaa qabeenya Maangoo fi Leemmanarratti hojiiwwan qorannoo raawwatamaa jiran Hawaasa Naannichaa fayyadamaa taassisuun eegumsaa fi kunuunsa qabeenyaan hojiiwwan hirmaannaa hawaasaa guddisan ta’uusaanii kaasaniiru. Foramicharratti bakka bu’aan Ministeera Barnootaa, Pirezidaantii Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii fi hoggantoonni damee Barnootaa biroon argamaniiru. Fooramiin Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii Yunvarsiitiiwwan 15 kan hammate yoo ta’u fooramiisaa jalqabaa Dirree Dawwaatti akkasumas 2ffaa Yunvarsiitii Arsiitti gaggeessuun isaa ni yaadatama.
Taalentiin Bu’uuraalee Misoomaa Murteessaadha – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Dec 22, 2025 38
Mudde 13/2018(ENA)-Taalentiin bu’uuraalee Misoomaa murteessaa waan ta’eef Misooma biroo waliin qixa invasti gochuun barbaachisaadha jechuun Ministirri Muuummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muuummee Doktar Abiyyi Ahimad goolaba Dijiitala Itiyoophiyaa 2025 fi sirna jalqabsiisa Tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 irratti gaaffiiwwan hirmaattota irraa ka’eef deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee ibsa kennaniin, kalaqxoonni kan isaaniin dorgomu kan ittiin caalaan keessaa tokko fooyya’anii argamuun ta’uu dubbataniiru. Mootummaan kalaqqawwan gama fayyaa fi dameelee biroon hojjetaman akka jajjabeessu akkasumas deeggaree akka itti fayyadamu ibsaniiru. Kaayyoon guddaan Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 dandeettii haardiweerii yoo xinnaate roobootii mandhalee, bilbilaa fi ayipaadii uumuu dandeessisu uumuu ta’uu ibsanii, kun ammo sooftiweerii keessaa baanee haardiweerii ijaaruuf carraa uuma jedhaniiru. Gama biroon Al-ergii bunaa dachaa 3n guddachuu ibsuun, kana dijiitaalaan deeggaruu fi sona dabaluun erguu akka qabnuu fi kanaafis motummaan cimsee akka hojjetu mirkaneessaniiru. Mootummaan gabaa Itiyoophiyaarra darbee kaampaaniin teekinooloojii gara gabaa Afriikaatti fudhatan humna guutuun akka deeggaru dubbataniiru. Mootummaan kanneen akka elektiriikii, Daandii fi telekomunikeeshiniin hundi bu’uuraalee misoomaa murteessaadha jedhee amana kan jedhan Ministirri Muummee kanaafis hojiiwwan hedduu hojjechuu ibsaniiru. INSAn kan eegalee fi cimee kan itti fufe SamarKaampiin, Mana kitaabaa Abirootitti waggaa waggaan dorgommii Roobotii gaggeeffamuu fi Inistitiyuutii Hubannaa namtolchee yeroo dhiyoo eegale gamoon bu’uuraalee Misoomaa Istaart Appii agarsiistuu kanaati jedhaniiru. Dabalataanis waajjiraalee mootummaa qulqullina qabanii fi Istaart App jedhamanii bakkeewwan qophaa’an uumamuusaanii ibsaniiru. Hoggantoonni motummaa hamma hojii hojjennu Dandeettiirraatti Invastii gochuu akka qaban jechuun Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad kan dubbatan yoo ta’u , dhaabbiileen Istaart Appii xixiqqaan akka guddatanii fi akka hin badne gochuun itti gaafatamummaa dachaa hoggantoota hojii mootummaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Mul'ata Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga'uuf dhimmoonni dhaqqabamummaa humna ibsaa fi konneektiviitii murteessaadha - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Dec 22, 2025 44
Mudde 13/2018(ENA) - Mul'ata Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga'uuf dhimmoonni dhaqqabamummaa humna ibsaa fi konneektiviitiin yoo guutame qofa ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna sagantaa xumura Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 fi jalqabsiisa Tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 irratti ibsa kennaniiru. Kanuma waliin mul’anni Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 (dhiyeessii, carraa fi wal amantaa) galma ga’uu kan danda’u qaamolee murteessoo ta’an qaqqabummaa humna ibsaa fi konneektiviitii yoo guutaman qofa akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Humna elektirikaa jechuun, bilbila, konkolaataa fi diroonii dabalatee teeknooloojiiwwan adda addaaf soorata ta’uu hubachuun, sirnaan dhiyaachuu qaba jedhani. Yoo kana ta’uu baate garuu, teeknooloojiin kun tajaajila eegamu kennuu hin danda’u jedhaniiru. Kanaaf Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad humna ibsaa soorata teeknooloojii ta’e dhaqqabamaa gochuun barbaachisaa ta’uu eeruun; karaan itti argamu dirqama karaa Giriidii Biyyaalessaa ta’uu akka hin qabne akeekaniiru. Haaluma kanaan, gariin ‘mini-grid’ irratti, gariin ‘off-grid’ ta’uu akka danda’an akeekaniiru; fakkeenyaaf hojii qaxxaamura biyyaa keenya keessatti sirna humna aduu gara mana qonnaan bulaa hundaatti babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jira. Itiyoophiyaan amma seelii aduu oomishuu eegaltee ji’atti seelii aduu doolaara miiliyoona 20 hanga 25tti tilmaamamu gabaa biyya alaatiif ergaa akka jirtu eeraniiru. Oomishni seelii kun baadiyyaa Itiyoophiyaa keessatti qaawwa hafe guutuun babal’achuu akka danda’u dubbataniiru. Gabaabumatti dhaqqabamummaa humna ibsaa osoo hin guutiin guddinni mirkaneessinu hin jiru jedhan. Guddina guutuu fiduuf,’inarjii’ barbaachisa; inarjiin suni garuu magaalotattiifi dhiyootti qofa kan dalleeffame osoo hin taanee lammiileen hundi kan argatan ta’uu qaba jedhan. Galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf konneektiviitiin gahee olaanaa akka qabus eeraniiru. Magaalonni hedduun neetworkii 4G fi 5G fayyadamuu akka jalqaban hubachiisaniiru. Malli walitti hidhamiinsa 4G fi 5G akkuma eegamutti ta’ee, naannoolee baadiyyaa keessatti haala salphaa fayyadamuun karaa ‘faayibar optikii’ fi teeknooloojiiwwan yeroo ammaa itti fayyadamnutti dhimma hin baanu taanaan, filannoowwan saatalaayitii hordofuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee waggoota shanan dhufan keessatti Itiyoophiyaa dhibbeentaa 100 walitti hidhuu qabna jedhaniiru; kun ni danda’ama; akkasumas ni danda’ama jennee amannee yoo wal qunnamsiifne malee lammiileen carraa wal qixa argachuu hin danda’an jedhan. Humni ibsaa damee ciminaan irratti hojjetamuu qabu, akka nyaataa fi walitti hidhamiinsaa(konneektiviitii), akka walqixxeessaatti ilaaluun, carraa wal qixa lammiilee hundaaf mirkaneessuu kan danda’amu karaa kana ta’uu cimsanii dubbataniiru. Kana galmaan gaafa geenyuu fi beekumsa yeroo itti daballu dha guddina galmaan ga’uuf karoorfanne kan milkeessinu jedhan.
Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad dijitaal Itiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisan
Dec 20, 2025 164
Mudde 11/2018 (TOI)- Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad dijitaal Itiyoophiyaa 2030 har’a ifatti eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin dijitaal Itiyoophiyaa 2025 guutummaan jechuun haala danda’amuun galmasaa ga’ee xumuramuu ibsaniiru. Dijitaal 2030’n har’a ifatti eegalamuusaa eeranii, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wala amantaa gabbisuun ammoo karoora bu’uraa ijoo tarsiimichaa ta’uusaanii hubachiisaniiru. Karoorri kunneen akka milkaa’an keessumaa bu’ura misoomaa dijitaalaa ummataa akka milkaa’an bal’isuurratti hojiin guddaan akka hojjetamu eeranii, teknoloojiin dijitaalaa kun namarratti xiyyeeffachuun jireenya namootaa akka jijjiiru human guddaa uuma jedhaniiru. Walumaa gala hojiileen dijitaal Itiyoophiyaatiin hojjetaman galma mootummaan Ida’amuu karaa salphaa tarsiimoowwan gurguddoo dhugoomsuuf qabate waliin kan walitti hidhatan ta’uu dubbataniiru.
Ispoortii
Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin walqixa bahan
Dec 20, 2025 143
Mudde 11/2018 (TOI)- Piriimar Liigii Ingiliz torban 17ffaa tapha jalqabaatiin Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin galchii 2 fi 2’n walqixa bahaniiru. Tapha Istaadiyeemii Senti Jemsitti gaggeeffameen Niik wolti meed galchii daqiiqaa afraffaa fi 20ffaatti galcheen Niwukaastil Yunaayitid dura qabatee ture. Boqonnaan booda Riis Jeemsi daqiiqaa 49ffaa fi Jo’aa’oo Peedroo daqiiqaa 66ffaatti galchii galchaniin Cheelsiin qabxii tokko argatee xumureera. Akkaataa qabxii kanaatiin Cheelsiin qabxii 29 walitti qabatee sadarkaa afraffaa irra jira. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 23’n sadarkaa 11ffaa qabateera.
Piriimar liigichaan Arsanaal Evertan waliin Maanchistar siitiin Westihaam Yunaayitid waliin taphni taasisan hawwiin eegama
Dec 20, 2025 113
Mudde 11/2018(ENA)-Taphni piriimar liigii Ingiliz torban 17ffaan har’a eegala. Taphoonni yeroo ayyaana Gannaa har’aa eegalanii gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 5:00tti Evertan Arsenaal waliin Istaadiyeemii Haldiikensenitti ni taphatu. Everten qabxii 24n sadarkaa 9ffaa qabatera. Arsenaal qabxii 36 liigicha dursaa jira. Maanchistar siitiin Westihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 12:00 taphasaanii ni gaggeessu. Manchistar siitiin qabxii 34n sadarkaa 2ffaa qabateera. Westihaam Yuunaayitid qabxii 13n sadarkaa 18ffaa qabatee sadarkaa gad-aanaa irratti argama. Taphoonni lamaan wal-morkii waancaarratti dhiibbaa kan uumanidha. Sagantaawwan biroon Niwukaastil Yuunaayidid chelsii waliin guyyaa sa’aatii 9:30, Tootinihaam Hotispersi injifataa liigichaa yeroosanaa Liiverpuul waliin taphasaanii gaggeessu. Wolvis Birentifordi waliin, Biraayiten Sandarlaandi fi Bornimaawuz Barniley waliin yeroo walfakkaataa sa’aatii12:00 irratti taphatu. Liidsi yunaayitid, Kiristaal Paalaas waliin galgala sa’aatii 5:00 taphasaanii gaggeessu. Waktii ayyaana Gannaa faranjootaatti taphasaanii har’aa eegalanii kan gaggeesan yoo ta’an guyyoota ittifufan 16 torban 4f taphasaanii gaggeessu.
Piriimar liigiin Itiyoophiyaa torban 10ffaan har’a eegala
Dec 19, 2025 118
Mudde 10/2018(TOI)-Sabaaba Taphoota waancaa Itiyoophiyaan addan citee kan ture sagantaan Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan ni deebi’a. Guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti Baankiin daldalaa Magaalaa Aarbaa Minci waliin taphata. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 9 gaggeesse keessaa injifachuu kan danda’e yeroo toko qofa. Yeroo sadii yoo injifatamu yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera. Injifataan liigichaa bara 2016 Baankiin Daldla Itiyoophiyaa qabxii 8n sadarkaa 15ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Arbaa Minci liigichaan hanga ammaatti tapha injifate hin qabu. Yeroo 4 yoo mo’atu yeroo 5n qixaan adda baheera. Galchii 4 yoo lakkofsisu galchii 9 keessummeesseera. Magalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gad- aanaa irratti argama Baankiin Daldala Itiyoophiyaa gara injifannoo deebi’uuf taphata, Magaalaan Aarbaa Minci qabxii jalqabaa sadii argachuuf ni taphata. Sagantaa biroon Midiregannat Shireen Magalaa Baahir Daar waliin guyyaa 9:00 tti Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Midiregannat Shireen liigichatti Taphoota 9 gaggeesseen yeroo sadii yoo injifatu yeroo 2 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qabxii qooddateera. Taphoota sagal irratti galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 13n sadarkaa 8 qabateera . Liigichatti taphoota 9 gaggeesse keessaa 3 yoo injifatu haaluma wal fakkaatuun magaalaa baahir Daar yeroo 3 mo’ameera. Taphoota hafan sadiin qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu haaluma walfakkaatuun galchii 9 keessummeesseera. Magaalaan Baahidaar qabxii 12n sadarkaa 11ffaa irratti argama. Galgala sa’aatii 12:00 irratti Maqalee 70 Indartaan Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan qabxii 5iin sadarkaa 19ffaa, Hadiyyaa Hosaa’inaan qabxii 17n sadarkaa 17ffaa qabatanii sadarkaa gad- aanaarratti argamu. Taphichi maqalee 70 Indartaan liigichaan qabxii jalqabaa 3 argachuuf yoo taphatu, hadiyyaa hosaa’inaan gara injifannootti deebi’uuf taphata. Taphni Piriimarliigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan anga Mudde 12 bara 2018tti ni tura. Bunni Sidaamaa qabxii 20n liigicha dursaa jira. Hadiyyaa Hosaa’inaan Walwaaloo Addagiraat Yunvarsiistii, Maqalee 70 Indartaa fi magaalaan Aarbaa Minci sadarkaa 17 hanga 20 qabachuun sadarkaa gad- aanaa keessatti argamu.
Dursaan liigichaa Itiyoo Elektiriikiin Magaalaa Adaamaa waliin ni taphata
Dec 19, 2025 102
Mudde 10/2018(TOI)- Piriimar Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa torban 13ffaan har’a xumurama. Guyyaa sa’aatii 4:00 irratti magaalaan Adaamaa Itiyoo-Eleektirikii waliin Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Magaalaan Adaamaa liigichaan taphoota 12 gaggeesseen Afur yoo injifatu yeroo shan mo’ameera. Taphoota hafan lamaan qixa deebi’aniiru. Taphichaan galchii 11 yoo lakkoofsisu galchii 21 keessummeesseera . Magaalaan Adaamaa qabxii 15n sadarkaa 8ffaa qabateera. Morkataansaa Itiyoo-Elektirikiin bara dorgomichaan taphoota 12 gaggeessee taphoota 11 yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Galchii 30 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. Itiyoo Elektirikiin liigicha qabxii 33n dursaa jira . Torban 12ffaan injifataan liigichaa yeroo sanaa Baankiin Daldala Itiyoophiyaa 1 fi 0’n injifachuunsaa ni yaadatama. Garichi yoo injifate dursummaa liigichaa ni cimsa. Magaalaan Adaamaa liigichatti gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Sagantaa biroon Magaalaan Hawasaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilatti ni taphatu. Magaalaan Hawaasaa Taphoota 12 gaggeessee yeroo 8 yoo injifatu yeroo lama mo’ameera. Galchiiwwan 22 yoo lakkoofsisu galchii 9 keessummeesseera. Garichi qabxii 26n sadarkaa 4ffaa qabateera. Injifataan liigichaa yeroo baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphoota 10n gaggeesseen 8 yoo injifatu yeroo 1 mo’ameera. Galchii 27 yoo lakkoofsisu galchii 2 keessummeesseera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphni 2 osoo isa hafuu qabxii 25n sadarkaa 4ffaa qabateera. Gareewwan lameen taphicharratti morkii cimaa gaggeessu jedhamee ni eeggama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 130
Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira. Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru. Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Ministirri Muummee Hindi Naareendiraa Moodii Ashaaraa Magariisaa kaa’an
Dec 17, 2025 150
Mudde8/2018(TOI)- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin ta’uun Ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aniiru. Itiyoophiyaa fi Hindi misooma magariisaa irratti kaayyoo wal fakkaataa kan tarkaanfachiisaan ta’uu isaaniin muuxannoo qaban wal jijjiiruuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 228
Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 388
Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1086
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9625
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.