Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Piriimar Liigichaan taphni Astonviilaan dursaa Liigichaa Arsanaal waliin taassisu ni eegama
Dec 6, 2025 4
Sadaasa 27/2018(TOI)-Piriimar Liigii Ingilizi torban 15ffaan taphni Astonviilaa fi Arsanaal har’a gaggeessan qalbii jaallattoota kubbaa miillaa hawateera. Taphni Garee lamaanii har’a guyyaa sa’aati 9:30tti Istaadiyeemii Viilaa Paarkitti gaggeeffama. Astonviilaan qabxii 27n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu Arsanaal qabxii 33n liigicha durseera. Leenjisaa lammii Ispeen Unaay Eemireen kan durfamu Astonviilaan taphoota 14 gaggeesseen yeroo 8 yoo mo’atu yeroo sadii mo’ameera. Tapha hafee biroo hafan 3’n qixa adda baheera. Taphichaan galchii 20 yoo lakkoofsisu galchii 14 keessummeessee, qabxii 27n sadarkaa 3ffaa qabateera. Morkataansaa Arsanaal gamasaan dorgomichaan Taphoota 14 gaggeesse keessaa 10 yoo injifatu, yeroo tokko qofa mo’ameera. Taphoota sadiin qabxii qooddateera. Galchiiwwan 27 taphoota 14n yoo lakkoofsisu galchiiwwan 7 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ispeeniin tapahattoonni durfaman liigicha qabxii 33’n dursaa jiru. Kilaboonni lameen Piriimar Liigichaan walitti kan dhufan kan ammaa yeroo 61ffaa dha. Taphoota 60 ammaan dura gaggeessaniin Arsanaal yeroo 39 injifachuun olaantummaa yoo qabatu, AstonViilaan yeroo 13 mo’atee yeroo 8 immoo qixaan baheera. Arsanaal taphichaan galchii 125n yoo lakkoofsisu Astonviilaan galchii 73 lakkoofsiseera. Liigichaan yeroo 10 walitti dhufanitti Arsanaal yeroo shan yoo injifatu, Astonviiilaan yeroo sadii mo’eera. Taphoota hafan sadiin qixaan bahaniiru. Bara dorgommichaatti jalqaba tapha dadhabaa erga argisiisee booda dhaabbii cimaarratti kan argamu Astonviilaan tapha har’aan dursaa garichaa ni qora jedhamee eegama. Gahumsa cimaarratti kan argamu Arsenaal Taphicharratti dursummaa liigichaa cimsuuf gahumsa olaanaarratti argamuu qaba. Piiter Baankis nama umurii waggaa 43 tapha eegamu abbaa seerummaan gaggeessu.   Sagantaawwan biroon liigichaan sadarkaa lammaafaarratti kan argamu Maanchistar Siitiin Sandarlaandi waliin Sanbata galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Itihaaditti taphni taasisu ni eegama. Galagala sa’aatii 2:30tti Liidsi Yunaayitid mo’ataa liigichaa kan yeroo kanaa Liivar puul waliin ni tapahata. Evertan Notingihaam Foorasti waliin, Niwuukaastil Yunaayitid barnileey waliin , Tootanihaam hootisparsi Bireentifordii waliinii fi Bornimaawuz chelsii waliin yeroo wal fakkaatutti galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu.
Lakkoofsi turistoota Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Baalee daawwatanii dabalaa jira
Dec 6, 2025 15
Sadaasa 27/2018(TOI)-Lakkoofsi turistoota Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Baalee daawwatanii dabalaa jiraachuu waajjirri paarkichaa ibseera. Yaada Ministirri Muummeen doktar Abiyyi Ahimad maddisiisaniin, daandii fi bu’uuraaleen misoomaa paarkichaaf guutaman baay’inni turistootaa akka dabalu shoora olaanaa bahateera jedhan. Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee bal'ina iskuweer kiiloo meetira 2,000 ol kan qabu yoo ta'u, bineensota bosonaa fi simbirroota biyya birootti hin argamne hedduu kan qabudha. Kana malees, paarkiin biyyaalessaa gaarreen Baalee kun hambaa addunyaa ta’ee kan galmaa’e yoo ta’u, bakka argama bineensota akka Gadamsaa, Jeedala Diimtuu, Bosonuu,Qamalee Baalee fi bineensota biroo hedduu fi simbirrootaati. Akka itti gaafatamaan paarkichaa obbo Shaamil Kadir jedhanitti, bara baajataa kurmaana jalqabaa keessa turistoonni biyya keessaa fi biyya alaa kuma 3 fi 690 paarkicha daawwataniiru. Daawwattoota kana keessaa dhibbeentaan 45 turistoota biyya alaa ta’uu eeruun, bara darbe yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 17n dabaleera jedhani. Galiin gama turizimii irraa argamus dabalaa jiraachuu himaniiru. Waldaaleen gurmaa’anii hojjetanis kanarraa fayyadamoo ta’uu eeraniiru. Fakkeenyaaf kurmaana kana keessatti waldaaleen gurmaa’anii gama turizimiin hojjetan, galii miliyoona sagal, kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin gaafa ilaalamu caalmaa miliyoon lamaa qaba jedhan. Kana malees, galiin paarkichaa kurmaana kana birrii kuma 600 yoo ta’u, kan bara darbee irraa birrii kuma 200 caalmaa qaba jedhaniiru. Waajjira Tuurizimii godinichaatti dursaa garee misoomaa fi babal’ina turizimii obbo Shibbiruu Abdoo Gaarreen Baalee dabalatee hawwata turizimii godinichaa misoomsuu fi daran beeksisuun galii damicharraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hogganaa Waldaa Ikoo Tuurizimii paarkii kanaa obbo Mohaammad Kadir akka jedhanitti, bay’inni turistootaa dabaluun hojii kanarraa bu’aa akka argatan isaan gargaareera. Miseensonni waldichaa turistootaaf tajaajila adda addaa kennuun galii irraa argataniin jireenya isaanii fooyyeffachaa jiraachuu himaniiru. Paarkicha keessatti miseensa waldichaa ta’ee hojii nageenya turistootaa eegu irratti kan bobba’e jiraataan naannoo sanaa Huseen Kamaal gama isaatiin, mootummaan haala isaaniif mijeessetti gammaduu eeruun, paarkichas akka qabeenya ofiitti tiksaa fi kunuunsaa galii irraa argachaa jirra jedheera. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Dhimma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa furuun guddina diinagdee riijinii mirkaneessuu keessatti gahee bakka hin bu’amne qabaata
Dec 6, 2025 19
Sadaasa 27/2018(TOI)- Dhimma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa furuun guddina diinagdee riijinii mirkaneessuu keessatti gahee bakka hin bu’amne qabaata jedhan hayyoonni. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dantaa biyyoolessaa biyyattii eegsisuuf, guddina diinagdee dagaagsuuf, nagaa fi tasgabbii ji’oo-siyaasaa naannoo eeguuf dhimma bu’uuraati. Dhiyeenya kana Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa irraa gaaffii ka’eef deebii fi ibsaa kennaniin akka jedhanitti, biyyi ummata miliyoona 120 qabduu fi guddina ariifataa irra jiru Itiyoophiyaan, gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa gaaffii seeraa, seenaa, haala teessuma lafaa fi diinagdee ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan, Itiyoophiyaan gaaffii dhimma ulaa Galaanaa argachuu karaa nagaa fi kennanii fudhachuun,hariiroo dippiloomaasii, seera addunyaa irratti hundaa’een, mari’achuuf ijjennoo ishee irra deddeebitee ibsaa jirti. Itiyoophiyaan ulaa Galaanaa waggoottan kurnan sadii darban kan mataashee qabdu turte, shiraan irraa mulqabuun ishee sirrii akka hin turre eeruun, gara fuula duraatti gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa deebii akka argatuuf xiyyeeffannoon hojjetamu itti fufa jedhan doktar Abiyyi Ahimad. Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaatti qorataa kan ta’an doktar Xilahuun Tafarraa Itiyoophiyaan shira irratti dalagameen mirga abbummaa ulaa galaanaa ishee irraa mulqamuu eeraniiru. Hayyoonni, dippilomaatonni, ogeeyyiin miidiyaalee fi lammiileen biyya alaa jiraatan, fedhii biyyaalessaa Itiyoophiyaa tilmaama keessa galchuun dhimma mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa irratti hubannoo uumuu akka qaban ibsaniiru. Gaaffiin mirga abbumma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gara fuula duraatti gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa deebii akka argatuuf hojiin dippiloomaasii cimee hojjetamuu qaba jedhaniiiru. Inistiitiyuutiin Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa, gaaffii mirga abbummaa ulaa galaanaa kanarratti qorannoo dhugaa irratti hundaa’e, ji’oo-siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee irratti qorannoowwan walitti fufiinsaan gaggeessaa akka jirus beeksiseera. Inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataa dhimma qorannoo Afrikaa doktar Gaashaawu Ayifaraam akka jedhanitti, Itiyoophiyaan abbummaa ulaa galaanaa ishee dhabuun ishee dadhabinsa keessoo fi dhiibbaa alaatiin kan uumame,shira irratti dalagame ta’uu ibsaniiru.
Godina wallagga Lixaatti lafti  hektaarri kuma 20 ol qonna bonaan Kuduraan misoomaa jira
Dec 6, 2025 20
Sadaasa 27/2018(TOI)-Godina wallagga Lixaatti jallisii qonna bonaan deeggaramuun lafa hektaara kuma 20 ol irratti kuduraawwaniin misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waajjirichatti ogeessii misooma Jallisii Girmaa Jaalataa TOI’f akka ibsanitti, Godinichatti omishaa fi Omishtummaa Qonnaan Bulaa guddisuun wabiin nyaataa akka mirkanaa’uuf misooma qonna gannaa cinaatti misooma jallisii Boneef xiyyeeffannoon kennameera. Kanaanis misooma jallisii bonee bara Kanaan lafa hektaara kuma 20 fi 532 kuduraan misoomuu dubbataniiru. Misoomni jallisii filannoowwan Bishaanii fayyadamuun qonnan bulaan waaggaatti yeroo lamaa fi isaa ol akka omishu deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Jallisii Bonee irraa caalaa Qullubbii Diimaa, Timaatimii , raafuu maraa, Qoosxaa, Qullubbii adii Kaarotii fi kanneen biroon Misoomaa jiraachuu eeruun kanarraas callaan kuntaalli miiliyoona 3 tuqaa 4 ol walitti qabuuf karoorsuu eeraniiru. Qonnaan bulaan kuma 134 ol Misooma kanarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Misooma jallisii bonee guddisuuf dhiheessiin sanyii filatamaa fi Xaa’oo yeroon qonnaan bulaaf raabsamuu eeraniiru. Misoomni jallisii bonee fayyadamummaa Dinagdee Qonnaan bulaa guddisuu fi sirna soorataa akka jijiiruuf isa fayyaduu kaasaniiru. Boqqolloo qonna gannaan omishan walitti qabuun jallisii boneen Goommanaa fi hundee diimaa misoomasaa jiraachuu kan dubbatan immoo qonnaan bulaa Gaarumaa Jaalataa ti. Ammaan dura bokkaa eeganii omishuusaaniin haalli jireenya isaanii nyaatanii buluurra akka hin ceene ibsuun , waggoota dhihooti asitti garuu jallisii fayyadamuun waggaatti yeroo lamaa fi isaa ol omishuun wabii nyaataasaanii mirkaneessuu dubbataniiru. Qonnaan bulaan biroon Hundaa ol Hundumaa gamasaaniin, paampii bishaan harkisu waajjirri qonnaa mijeesseefiin fayyadamuun bishaan naannoosaanii jiru harkisuun kuduraawwan yeroo gabaabaatti gahan misoomsaa jiraachu dubbataniiru. Jallisii bonee bara darbeen Kuduraawwan adda addaa omishuun nyaatarra darbee gabaaf dhiheessuun galii dabalataa argachuusanii ibsaniiru. Kanaaf bara kana hojicha babal’isuuf gorsa ogeeyyii Qonnaa hojiirra oolchuun misooma jallisi boneen kaarotii fi Raafuu maramaa misoomsaa jiraachuu dubbataniiru.
Giddu galichi damee bunaa irraa bu’aa biyyi argachuu maltu akka argattuuf gahee isaa bahachaa jira
Dec 6, 2025 22
Sadaasa 27/2018(TOI)- Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaatti, Giddu-Galli Qorannoo Qonnaa Jimmaa biyyattiin buna irraa bu’aa malu akka argattu gahee isaa bahataa jiraachuu ibseera. Daarektarri giddugalichaa obbo Lammii Beeksisaa TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, giddu galichi oomisha bunaa irratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Haaluma kanaan naannoo bunni itti misoomsamu keessatti wiirtuuwwan xixiqqaa hundeessuun teeknooloojiin misoomsuu, baay’isuun, tamsaasuun ni hojjetama jedhaniiru. Hanga ammaatti qorannoodhaan sanyii bunaa kan adda baafamanii sanyii fooyya’aa kennuu danda’an gosa sanyii bunaa 51 fayyadamtootaaf dhiyeessuu himaniiru. Kunis giddu galichi bu’aa biyyi buna irraa argachuu qabdu akka argattuuf shoora isaa bahachaa jiraachuu kan agarsiisu dha jedhaniiru. Sanyiin bunaa fooyya’aan argaman kunniin karaa lama ta’uu eeruun, tokko karaa filannootiin yoo ta’u, kan lammaffaa immoo sanyii diqaalomsuun ta’uu ibsaniiru. Sanyiiwwan diqaalomsuun argaman kunniin 9 yoo ta’an, heektaara tokko irraa hanga kuntaala 26 argachuun akka danda’amu himaniiru. Giddu galichi teekinloojiiwwan maddisiisuun dabalatatti, sanyiiwwan fooyya’aa baay’isuun waggaa waggaan bifa sanyii fi biqilaan qonnaan bultootaaf raabsaa jira jedhaniiru. Buna qabeenya biyyaa ta’e, naannolee adda addaa irraa walitti qabuun wiirtuuwwan giddugalicha jala jiran keessatti sanyii bunaa kuma 6 ol oyiruu keessa tursiisuun hojjetamaa akka jirus mirkaneessaniiru.
Kan mul'ate

Bu’aan Nageenyarraa argamu kumaa fi kitila
Dec 5, 2025 175
Sadaasa 26/2018(TOI)-Bu’aan nageenyarraa argamu hedduu fi injifannoon qaama hundaa kan itti mirkanaa’u waan ta’eef kanneen biroonis filannoowwan nageenyaa hordofuu qabu jechuun barreessaa olaanaan Mana maree Amantaa Itiyoophiyaa LiqaTiguhan Qesis Taagaayi Taaddalaa ibsan. waliigalteen nagaa bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Faannoo gidduutti kalessa mallattaa’e nageenya fulla’aa fi Aaragalfii ummata naannichaaf kan fidu ta’uu dubbataniiru. Waliigalteen nageenyaa fulla’aa kana Bulchaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa fi Faannoo Amaaraa bakka bu’uun Kaappiteen Maasrashaa Saxxee kaleessa waliif mallatteessuun isaanii ni yaadatama. Barreessaa olaanaan Mana maree Amantaa Itiyoophiyaa LiqaTiguhan Qesis Taagaay Taaddalaa waliigaltee nageenyaa fulla’aa ilaalchisuun TOI’f akka ibsanitti, waliigalteen nagaa kun hundaaf boqonnaa kan kennudha. Manni maree dhaabbilee Amantaa walitti bu’insi akka dhaabbatuu fi rakkooleen mariin akka furamuuf tattaaffii mataasaa taasisaa turuu ibsaniiru. Walii galteen nagaa Mootummaa naannoo Amaaraa fi Faannoo gidduutti amma taassifame nageenya buusuu kan danda’uu fi uummanni nagaan bahee akka galuu fi akka hojjetuu kan tasisudha jedhaniiru. Manni marichi walii galtee nagaa fulla’aa kanaaf gammachuu itti dhagahame ibsuun, walii galtichi rakkoowwan marii karaa nagaan furuuf qooda olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru. Naannichatti bakkeewwan adda addaatti sochiiwwan Hawaasummaa fi Dinagdee danqamanii turan idileen akka socho’aniif haala mijataa akka uumu ibsaniiru. Bu’aan nageenyarraa argamu hedduudha kan jedhan Barreessaa olaanaan kun, waan hundaaf nageenya filannoo duraa gochuun sirrii ta’uu ibsaniiiru. Walii galtichi nagenya fulla’aa buusuuf jalqabbii gaarii ta’uu kaasuun, hojiirra oolmaa walii galtichaa fi nageenya fulla’aaf qaamni hundi qoodasaa bahuu akka qabu dubbataniiru. Kanneen biroon hafanis walii galtee nagaa kana hordofuu akka qaban ibsuun, filannoosaanii daandii nagaa fi yaada qofa ta’uu akka qabu dubbataniiru. Walitti bu’insa caalaa marii fi olaantummaa yaadaan hordofuun bu’aa baraa baratti ce’uu akka fidu eeruun daandiin walii galtee nagaa qaama hunda injifataa akka taassisu eeraniiru. Barreessaa olanaan kun Gamtaan Afriikaa fi IGAD walii galtee nagaa mallatteessuuf haala mijeessuuf tattaaffii taassisaniif galateeffataniiru. Mootummaa Federaalaa fi Mootummaan naannoo Amaaraa qaamolee naannichatti hidhataanii socho’an gara nagaatti akka dhufaniif deddeebi’anii wamicha taasisaa turuunsaanii ni yaadatama.
Naannichatti malaanmaltummaafi hojmaata badaa ittisuuf hojiin qindoominaa hojjetamaa jira
Dec 5, 2025 61
Sadaasa 26/2018(TOI)- Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti malaanmaltummaa fi hojmaata badaa ittisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu af-yaa’iin mana maree naannichaa ibsaniiru. Sagantaan goolabaa guyyaa Farra Malaammaltummaa 22ffaa akka Addunyaatti, yeroo 21ffaaf immoo akka Itiyoophiyaatti mata duree "dhaloota namuusaan, dhaabbilee hojimaataan" jedhuun kabajame, magaalaa Asoosaatti gaggeeffameera. Waltajjii kana irratti kan argaman af-yaa’iin mana maree naannoo Benishaangul Gumuuz aadde Askaalech Albooroo,rakkoo maalaanmaltummaafi hojmaata badaa ittisuuf hojiin qindoominaa hojjetamaa jira jedhani. Kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee naannichaa ammayyeessuun tajaajila gahumsaa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’e kennuudhaaf tattaaffiin taasifamaa ture cimee itti fufuu ibsaniiru. Yeroo dhiyoo as tajaajilli wiirtuu tokkoo (MESOB) hojii eegaluun isaa milka’ina kanaaf jalqabbii gaarii ta’uu eeruun, gara fuula duraatti kana babal’isuun cimee itti fufa jedhaniiru. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Kamaal Hasan akka jedhanitti, malaanmaltummaan farra dhalootaafi gufuu guddina biyyaa waan ta’eef dhaloota malaanmaltummaa jibbuufi balaaleffatu uumuu qabnaa dhaamaniiru. Kana milkeessuufi dhaabbilee amantaa,manneen barnootaa fi dhaabbilee tumsitootaa biroo waliin ta’uun hojjetamaa kan jiru ta’uu eeruun, gara fuula duraattis cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Ija Mootummaa Ida’amuun, tumsa cimaa fi tokkummaan guddinaa fi badhaadhina waloof ni hojjenna-Hoggantoota Olaanoo
Dec 5, 2025 119
Sadaasa 26/2018(TOI)-Ija Mootummaa Ida’amuun, tumsa cimaa fi tokkummaan guddinaa fi badhaadhina waloof ni hojjenna jedhan hoggantoonni Olaanoo naannoo Hararii. Muummeen Ministiraa doktar Abiyyi Ahimad mata duree "Ija Mootummaa Ida’amuun, Guddina Dameelee" jedhuun hoggantoota olaanootiif leenjii fi kallattii hojii kennuun isaanii ni yaadatama. Ibsa isaaniin, galma mootumma ida’amuu bal’inaan ibsuun, hirmaannaan hoggantootaa sadarkaan jiranii fi lammiilee milkaa’ina isaaf cimani hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Qaroomina Itiyoophiyaa duriifi mul’ata ishee gara fuula duraatti jiru tilmaama keessa galchuun,mootummaa ida’amuun, ariitiin, kalaquu, baay’isuu fi ilaacha qulqulleessuu qabachuun, hojjechuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.   Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hooggantoota naannoo Hararii garagaraa dubbisuun hoggantoonni leenjii fudhatan hojiirra oolchuuf fedhiin jiru maal akka fakkaatu gaafateera. Hoggantoonni kunniinis ija mootummaa ida’amuun tumsa cimaafi tokkummaan Itiyoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuuf kutannoon ni hojjenna jedhani. Komishinarri Komishinii Karooraa fi Misooma Naannichaa obbo Ibsaa Ibraahim mootummaan Ida’amuu hiyyummaa irra aanuuf tumsa cimaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.   Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Naannichaa Abiyyi Abbabaa akka jedhanitti, ija mootummaa ida’amuun jijjiirama bu’uuraa fi fayyadamummaa qonnaan bultootaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee bu’aa oloaanaan galmaa’uu himaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Bu’aan Nageenyarraa argamu kumaa fi kitila
Dec 5, 2025 175
Sadaasa 26/2018(TOI)-Bu’aan nageenyarraa argamu hedduu fi injifannoon qaama hundaa kan itti mirkanaa’u waan ta’eef kanneen biroonis filannoowwan nageenyaa hordofuu qabu jechuun barreessaa olaanaan Mana maree Amantaa Itiyoophiyaa LiqaTiguhan Qesis Taagaayi Taaddalaa ibsan. waliigalteen nagaa bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Faannoo gidduutti kalessa mallattaa’e nageenya fulla’aa fi Aaragalfii ummata naannichaaf kan fidu ta’uu dubbataniiru. Waliigalteen nageenyaa fulla’aa kana Bulchaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa fi Faannoo Amaaraa bakka bu’uun Kaappiteen Maasrashaa Saxxee kaleessa waliif mallatteessuun isaanii ni yaadatama. Barreessaa olaanaan Mana maree Amantaa Itiyoophiyaa LiqaTiguhan Qesis Taagaay Taaddalaa waliigaltee nageenyaa fulla’aa ilaalchisuun TOI’f akka ibsanitti, waliigalteen nagaa kun hundaaf boqonnaa kan kennudha. Manni maree dhaabbilee Amantaa walitti bu’insi akka dhaabbatuu fi rakkooleen mariin akka furamuuf tattaaffii mataasaa taasisaa turuu ibsaniiru. Walii galteen nagaa Mootummaa naannoo Amaaraa fi Faannoo gidduutti amma taassifame nageenya buusuu kan danda’uu fi uummanni nagaan bahee akka galuu fi akka hojjetuu kan tasisudha jedhaniiru. Manni marichi walii galtee nagaa fulla’aa kanaaf gammachuu itti dhagahame ibsuun, walii galtichi rakkoowwan marii karaa nagaan furuuf qooda olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru. Naannichatti bakkeewwan adda addaatti sochiiwwan Hawaasummaa fi Dinagdee danqamanii turan idileen akka socho’aniif haala mijataa akka uumu ibsaniiru. Bu’aan nageenyarraa argamu hedduudha kan jedhan Barreessaa olaanaan kun, waan hundaaf nageenya filannoo duraa gochuun sirrii ta’uu ibsaniiiru. Walii galtichi nagenya fulla’aa buusuuf jalqabbii gaarii ta’uu kaasuun, hojiirra oolmaa walii galtichaa fi nageenya fulla’aaf qaamni hundi qoodasaa bahuu akka qabu dubbataniiru. Kanneen biroon hafanis walii galtee nagaa kana hordofuu akka qaban ibsuun, filannoosaanii daandii nagaa fi yaada qofa ta’uu akka qabu dubbataniiru. Walitti bu’insa caalaa marii fi olaantummaa yaadaan hordofuun bu’aa baraa baratti ce’uu akka fidu eeruun daandiin walii galtee nagaa qaama hunda injifataa akka taassisu eeraniiru. Barreessaa olanaan kun Gamtaan Afriikaa fi IGAD walii galtee nagaa mallatteessuuf haala mijeessuuf tattaaffii taassisaniif galateeffataniiru. Mootummaa Federaalaa fi Mootummaan naannoo Amaaraa qaamolee naannichatti hidhataanii socho’an gara nagaatti akka dhufaniif deddeebi’anii wamicha taasisaa turuunsaanii ni yaadatama.
Ija Mootummaa Ida’amuun, tumsa cimaa fi tokkummaan guddinaa fi badhaadhina waloof ni hojjenna-Hoggantoota Olaanoo
Dec 5, 2025 119
Sadaasa 26/2018(TOI)-Ija Mootummaa Ida’amuun, tumsa cimaa fi tokkummaan guddinaa fi badhaadhina waloof ni hojjenna jedhan hoggantoonni Olaanoo naannoo Hararii. Muummeen Ministiraa doktar Abiyyi Ahimad mata duree "Ija Mootummaa Ida’amuun, Guddina Dameelee" jedhuun hoggantoota olaanootiif leenjii fi kallattii hojii kennuun isaanii ni yaadatama. Ibsa isaaniin, galma mootumma ida’amuu bal’inaan ibsuun, hirmaannaan hoggantootaa sadarkaan jiranii fi lammiilee milkaa’ina isaaf cimani hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Qaroomina Itiyoophiyaa duriifi mul’ata ishee gara fuula duraatti jiru tilmaama keessa galchuun,mootummaa ida’amuun, ariitiin, kalaquu, baay’isuu fi ilaacha qulqulleessuu qabachuun, hojjechuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.   Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hooggantoota naannoo Hararii garagaraa dubbisuun hoggantoonni leenjii fudhatan hojiirra oolchuuf fedhiin jiru maal akka fakkaatu gaafateera. Hoggantoonni kunniinis ija mootummaa ida’amuun tumsa cimaafi tokkummaan Itiyoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuuf kutannoon ni hojjenna jedhani. Komishinarri Komishinii Karooraa fi Misooma Naannichaa obbo Ibsaa Ibraahim mootummaan Ida’amuu hiyyummaa irra aanuuf tumsa cimaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.   Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Naannichaa Abiyyi Abbabaa akka jedhanitti, ija mootummaa ida’amuun jijjiirama bu’uuraa fi fayyadamummaa qonnaan bultootaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee bu’aa oloaanaan galmaa’uu himaniiru.
Paartileen siyaasaa milkaa’ina Marii Biyyoolessaaf gumaacha taasisaa jiran cimsanii itti fufuu qabu-Komishinara Olaanaa Pirofeesar Masfin Ara’ayaa
Dec 5, 2025 89
Sadaasa 26/2018(TOI)- Paartileen siyaasaa milkaa’ina Marii Biyyoolessaaf gumaacha taasisaa jiran cimsanii itti fufuu akka qaban Koomishinarri Olaanaa Marii Biyyoolessaa Pirofeesar Masfin Ara’ayaa waamicha dhiyeessani. Paartiin Izeemaa ajandaa isaa komishinii marii biyyoolessaaf dhiyeesseera. Dura taa’aan paartichaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa fi hoggantoonni biroo ajandaawwan isaanii komishinaroota Komishinii Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessaniiru. Komishinarri olaanaa komishinii Marii Biyyoolessaa piroofeesar Masfin Ara’aayaa, ajandaawwan marii biyyoolessaa paartiilee siyaasaa garagaraa irraa fuudhuu himaniiru. Paartiin Izeemaa erga komishinichi hundeeffamee jalqabee adeemsa kana deeggaraa jiraachuu eeraniiru. Paartichi ajandaawwan qindaa’an waan dhiyeesseef galateeffatanii,ajandaan isaan dhiyeessan kunis gara fuula duraatti hojiirra oola jedhaniiru. Adeemsa marii kana kan ibsan Komishinarri olaanaan, adeemsichi akka milkaa’uuf gara fuulduraatti tumsi paartilee akka barbaachisu ibsaniiru. Dura taa’aan paartii Izeemaa piroofeesar Biraanuu Naggaa gama isaaniin,Mariin Biyyoolessaa rakkoolee biyya keenyaa hundeen furuu keessatti shoora olaanaa qabachuu himuun, paartiin isaaniis hojiilee komishiniin Marii Biyyoolessaa gaggeessu deeggaruuf kutannoo guutuu qabaachuu himaniiru. Komishinichi ibsa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf ergeen, Izeemaan walgahii marii bulchiinsa magaalaa lamaa fi naannolee 11 keessatti gaggeeffame irratti bal’inaan akka hirmaate beeksiseera.
Daandiin nageenyaa yoomiyyuu mo’ataadha-Ministeera nageenyaa
Dec 5, 2025 88
Ministeerri nageenyaa ibsa haala yeroorratti baaseen, mootummaan rakkoolee nu mudataniif marii fi waliin dubbachuun daandii filannoo tokkicha ta’uusaanii fi kanaaf ammo kutannoo akka qabu irra deddeebi’ee agarsiisuusaa ibseera. Humnoonni Kanaan dura huma filatanii socho’aa turan daandii nagaa filachuun gara nagaatti wayita dhufan mootummaan karaa walakkaa ol deemee simachuun kutannoo qabu agarsiiseera jedheera. Daandiin kun filannoo tokkicha sirna nagaa, haqaa fi fayyadama waloo biyya keenyatti mirkaneessu ijaaruuf kan dandeessisu ta’uunsaa amantaa mootummaa ta’uu ibseera. Ka’umsa Kanaan qaamoleen naannoo Amaaraatti Kanaan dura filannoo humnaatti fayyadamanii socho’aa turan filannoon humnaa nageenya ummata keenyaa fi biyyaalessaaf faayidaa akka hin qabneamanuun gara daandii nageenyaatti dhufuun murtoo cimaa taasisaniiru jedheera ministeerichi ibsa baaseen. Filannoon karaa nagaa kin hunda keenya mo’ataa waan nu taasisuuf ministeerichi tarkaanfii cimaa mootummaan biyyaalessaa naannoo Amaaraa fi Faannoon fudhataniif dinqisiifannaa qabu ibseera. Gama biraatiin ammas taanaan qaamni gaaffii kamiyyuu qabu deebii argachuuf furmaanni tokkichi hunda mo’ataa kan taasisu daandii nagaa waliin dubbachuu fi mari’achuu irratti hundaa’e ta’uu amanuun filannoo humnaa boodatti hafaa ta’e filachuun qaamonni socho’an daandii nagaa walfakkaataa akka filatan ministeerichi waamicha dhiheesseera.
Dhaloota Seenaa Hiyyummaa Itiyoophiyaa xumurru ta’uu qabna- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Dec 5, 2025 99
Sadaasa 26/2018(TOI)-Milkaa’inoota damee hundaan jiran guddisuunii fi dhimmuun hojjechuun dhaloota seenaa hiyyummaa Itiyoophiyaa xumursiisnu ta’uu qabna jechuun ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Mata duree “guddina dameelee, ija mootummaa Ida’amuutiin” jedhuun hoggantoota olaanoo paartii Badhaadhinaaf leenjii kennaniiru.   Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad wayita kana akka jedhanitti dhaloonni Ida’amuu Daandii gara badhaadhinaatti geessuudha. Mootummaan Ida’amuu mootummaa Badhaadhina biyyaaf Abbaa waadaa ta’ee, baay’ee baatee, baay’ee dadhabee fi baay’ee dhimmee itti gaafatamummaa ceessisuu qabudha jedhaniiru. Hogganaa ta’uun itti gaafatamummaa guddaadha kan jedhan Ministirri Muummee hoggantoonni Qormaataan Osoo hin gufatiin ceessisuuf itti gaafatamummaasaanii sirnaan bahachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.   Sektarri hundi walitt hidhamiinsa dameelee hedduutiin hunduu wal deeggaruun imala gara qaroominaatti taassifamu saffisiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Yaada akka sanyii akka ka’umsaatti fudhachuun birmadummaa yaadaarratti hojjechuun bu’uura badhaadhinaa ta’uu ibsaniiru. Dhaabbilee wal keessa galchuun walitti hidhaminsa uumuun murteessaa ta’uu eeruun, yaadonni, namoota dhuunfaa fi dhaabbilee walitti hidhamuun cimanii hojjechuun yoo danda’an Itiyoophiyaan bara 2036tti Afriikarraa diinagdeen adda duree taati jechuun dubbataniiru. Hojiin dameelee adda addaatiin hojjetamaa jiran yoo babal’atanii guddatan, namni hundi cimee yoo hojjete dhaloota seenaa hiyyummaa Itiyoophiyaa xumuru ta’uu dandeenya jedhan. Miira wal tumsaa fi tokkummaan Itiyoophiyaa ceessisuuf tattaaffiin taassifamu akka qabu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Hoggantoonni olaanoon itti gaafatamummaa guddaa akka biyyaatti qaban bahachuun badhaadhina Itiyoophiyaa ceessisuuf ciminaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Hawaasummaa
Lakkoofsi turistoota Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Baalee daawwatanii dabalaa jira
Dec 6, 2025 15
Sadaasa 27/2018(TOI)-Lakkoofsi turistoota Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Baalee daawwatanii dabalaa jiraachuu waajjirri paarkichaa ibseera. Yaada Ministirri Muummeen doktar Abiyyi Ahimad maddisiisaniin, daandii fi bu’uuraaleen misoomaa paarkichaaf guutaman baay’inni turistootaa akka dabalu shoora olaanaa bahateera jedhan. Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee bal'ina iskuweer kiiloo meetira 2,000 ol kan qabu yoo ta'u, bineensota bosonaa fi simbirroota biyya birootti hin argamne hedduu kan qabudha. Kana malees, paarkiin biyyaalessaa gaarreen Baalee kun hambaa addunyaa ta’ee kan galmaa’e yoo ta’u, bakka argama bineensota akka Gadamsaa, Jeedala Diimtuu, Bosonuu,Qamalee Baalee fi bineensota biroo hedduu fi simbirrootaati. Akka itti gaafatamaan paarkichaa obbo Shaamil Kadir jedhanitti, bara baajataa kurmaana jalqabaa keessa turistoonni biyya keessaa fi biyya alaa kuma 3 fi 690 paarkicha daawwataniiru. Daawwattoota kana keessaa dhibbeentaan 45 turistoota biyya alaa ta’uu eeruun, bara darbe yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 17n dabaleera jedhani. Galiin gama turizimii irraa argamus dabalaa jiraachuu himaniiru. Waldaaleen gurmaa’anii hojjetanis kanarraa fayyadamoo ta’uu eeraniiru. Fakkeenyaaf kurmaana kana keessatti waldaaleen gurmaa’anii gama turizimiin hojjetan, galii miliyoona sagal, kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin gaafa ilaalamu caalmaa miliyoon lamaa qaba jedhan. Kana malees, galiin paarkichaa kurmaana kana birrii kuma 600 yoo ta’u, kan bara darbee irraa birrii kuma 200 caalmaa qaba jedhaniiru. Waajjira Tuurizimii godinichaatti dursaa garee misoomaa fi babal’ina turizimii obbo Shibbiruu Abdoo Gaarreen Baalee dabalatee hawwata turizimii godinichaa misoomsuu fi daran beeksisuun galii damicharraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hogganaa Waldaa Ikoo Tuurizimii paarkii kanaa obbo Mohaammad Kadir akka jedhanitti, bay’inni turistootaa dabaluun hojii kanarraa bu’aa akka argatan isaan gargaareera. Miseensonni waldichaa turistootaaf tajaajila adda addaa kennuun galii irraa argataniin jireenya isaanii fooyyeffachaa jiraachuu himaniiru. Paarkicha keessatti miseensa waldichaa ta’ee hojii nageenya turistootaa eegu irratti kan bobba’e jiraataan naannoo sanaa Huseen Kamaal gama isaatiin, mootummaan haala isaaniif mijeessetti gammaduu eeruun, paarkichas akka qabeenya ofiitti tiksaa fi kunuunsaa galii irraa argachaa jirra jedheera. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Itiyoophiyaan waltajjii miidiyaa guddaa keessummeessuun ishee kabaja olaanaa agarsiisa-Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Dec 5, 2025 72
Sadaasa 26/2018(TOI)- Itiyoophiyaan biyyootaa fi magaalota Afrikaa hunda keessaa filatamtee waltajjii miidiyaa guddaa kana keessummeessuun ishee kabaja olaanaa agarsiisa jedhe tajaajilli komunikeshinii mootummaa. Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa sirna badhaasaa Paan-Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffame ilaalchisee ibsa kenneera. Waltajjiin kuni, Teessoo Gamtaa Afrikaa fi dippiloomaasii Idil-Addunyaa kan taate magaalli Finfinnee biyyoota Afrikaa keessaa magaalaa waltajjii gurguddoo keessummeessuuf mijattu ta'uun ishee irra deebiin kan itti mirkaneesse ta’uu ibseera. Magaalaan Finfinnee waltajjii guddaa kana keessummeessuun injifannoo guddaa kan ittiin boonnu dha jechuun ibseera. Badhaasaa Miidiyaa Afrikaa 2025 kana akka keessummeessitu kan filatamte, akkanumaan osoo hin taanee, guddina sadarkaa idil addunyaatti madaalu galmeessaa jiraachuu isheen ta’uu ibseera. Filannoo kanaaf sababni guddaan magaalattiin waggoota dhiyoo asitti jijjiirama ariifachiisaa fi jijjiirama damee hedduun galmeessifte ta’uu eeruun, dabalataan guddina magaalota idil-addunyaa wajjin kan wal madaalu galmeessisuu isheeti jechuun ibseera. Bu’uuraaleen misoomaa waggoottan lamaan darban keessa hojjetaman Gaazexeessitoota guutuu Afrikaaf, hojii miidiyaa fi hoggantoota siyaasaaf bakka walga’ii filatamtuu ta’uu ibseera. Itiyoophiyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa fi utubaa seenaa Paan Afrikaanizimii ta’uu himeera. Kanaaf sagantaa guddaa kana qopheessuuf filatamuun ishee adeemsa sirrii akka ta’e hime. Badhaasni kunis fedhii Afrikaa bu’uura godhachuun kan qophaa’e ta’uu eera ibsa isaatiin. Ogeeyyiin miidiyaa 800 biyyoota 40 irraa walitti babba’an saganticharratti gosoota adda addaan kan hirmaatan yoo ta’u,kunis beekkamtii fi abdii miidiyaaleen Afrikaa idil addunyaa irratti qaban agarsiisa jedheera. Miidiyaan guddinaa fi kufaatii hawaasaa murteessuu keessatti humna guddaa qabaachuu ibseera. Keessattuu seenessa dogoggoraa alaa itti fe’aman sirreessuun eenyummaa Afrikaa isa sirrii gabaasuu qabu jedhe ibsi kuni. Badhaasni kun Gaazexeessummaa, Biroodkaastingii, Miidiyaa Diijitaalaa fi ijaarsa seenessaan hojiilee fakeenyummaa qaban kanneen hojjetaniif beekamtii kan kenne waltajjii guddaa ta’uu himeera. Kaayyoo olaanaan waltajjichaa Afrikaanoonni waa’ee eenyummaa isaanii karaa sirriin akka seenessaan carraa uumuu ta’uu himeera. Hanqina kalaqaa damee miidiyaan mul’atu furuun sadarkaa ogummaa caalmaatti guddisuu ta’uu ibse. Ogeeyyii miidiyaa Ardichaa guutuu walitti qabuun, beekumsa, ogummaa fi tumsa waliinii cimsuudha jedheera. Kanaaf mootummaan dameen miidiyaa bu’uura ijaarsa sirna diimokiraasii fi misooma biyyoolessaa ta’uu isaan tumsa hundagaleessa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.
Naannichatti midhaan deeggarsa namoomaaf oolu kan hektaara kuma 1 fi 244 irratti misoome walitti qabamaa jira
Dec 5, 2025 73
Sadaasa 25/2018 (TOI)- Naannoo Gambeellaatti midhaan deeggarsa namoomaaf oolu kan bara oomishaa 2017/18 qonna gannaan lafa hektaara kuma 1 fi 244 tuqaa 5 irratti misoome walitti qabamaa jiraachuun ibsame. Omisha walitti qabamaa jirurraamidhaan kuntaala kuma 10 fi 542 ol akka abdatamu kan dubbatan biiroo misooma qonnaa fi qabeenya uumamaa naannichaatti daarektarri ekisteenshin komunikeeshinii fi barreessaan addaa koree teekiniikaa inisheetiivii gargaaramuu jalaa bahu Geetaachoo Waldeeti. Gama biraan misoomni jallisii bonee hawaasa hirmaachisuun raawwachuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Komishinii hoggansa hojii yaaddoo balaa naannoo Gaambeellaatti daarektarri deebii akeekkachiisa duraa Seeyifuu Waldee gamasaaniin, deeggarsa namoomaa naannichaaf barbaachisu ofiin guuttachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Haala Kanaan, oomishuudhaan, bittaa fi hawaasarraa walitti qabuun bara 2017 midhaan kuntaala kuma 1 fi 590 ofeeggannoof man-kuusaa keessatti kuufamuu dubbataniiru. Haala Kanaan naannichatti midhaan deeggarsa namoomaaf oolu bara oomisha gannaa 2017/18 kan misoome jiddu galarraa amma aanaatti walitti qabamaa akka jiru eeraniiru. Gama biraatiin bara bajataa 2018 birrii miiliyoona 15 mootummaan naannichaa ramadeen midhaan nyaataa fi meeshaaleen garagaraa bituuf adeemsarra akka jiru beeksisaniiru. Mankuusaan deeggarsa namoomaaf midhaan itti kuusuuf gargaaran tokkoon tokkoonsaanii kuntaala kuma 10 qabatan sadarkaa naannootti lama sadarkaa aanaatti shan jiraachuu TOI’f mirkaneessaniiru. Mootumman naannichaa mankuusaa dabalataa tajaajila wal fakkaataaf oolu ijaaruuf birria miiliyoona 20 ramaduusaa himaiiru.
Diinagdee
Dhimma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa furuun guddina diinagdee riijinii mirkaneessuu keessatti gahee bakka hin bu’amne qabaata
Dec 6, 2025 19
Sadaasa 27/2018(TOI)- Dhimma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa furuun guddina diinagdee riijinii mirkaneessuu keessatti gahee bakka hin bu’amne qabaata jedhan hayyoonni. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dantaa biyyoolessaa biyyattii eegsisuuf, guddina diinagdee dagaagsuuf, nagaa fi tasgabbii ji’oo-siyaasaa naannoo eeguuf dhimma bu’uuraati. Dhiyeenya kana Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa irraa gaaffii ka’eef deebii fi ibsaa kennaniin akka jedhanitti, biyyi ummata miliyoona 120 qabduu fi guddina ariifataa irra jiru Itiyoophiyaan, gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa gaaffii seeraa, seenaa, haala teessuma lafaa fi diinagdee ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan, Itiyoophiyaan gaaffii dhimma ulaa Galaanaa argachuu karaa nagaa fi kennanii fudhachuun,hariiroo dippiloomaasii, seera addunyaa irratti hundaa’een, mari’achuuf ijjennoo ishee irra deddeebitee ibsaa jirti. Itiyoophiyaan ulaa Galaanaa waggoottan kurnan sadii darban kan mataashee qabdu turte, shiraan irraa mulqabuun ishee sirrii akka hin turre eeruun, gara fuula duraatti gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa deebii akka argatuuf xiyyeeffannoon hojjetamu itti fufa jedhan doktar Abiyyi Ahimad. Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaatti qorataa kan ta’an doktar Xilahuun Tafarraa Itiyoophiyaan shira irratti dalagameen mirga abbummaa ulaa galaanaa ishee irraa mulqamuu eeraniiru. Hayyoonni, dippilomaatonni, ogeeyyiin miidiyaalee fi lammiileen biyya alaa jiraatan, fedhii biyyaalessaa Itiyoophiyaa tilmaama keessa galchuun dhimma mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa irratti hubannoo uumuu akka qaban ibsaniiru. Gaaffiin mirga abbumma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gara fuula duraatti gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa deebii akka argatuuf hojiin dippiloomaasii cimee hojjetamuu qaba jedhaniiiru. Inistiitiyuutiin Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa, gaaffii mirga abbummaa ulaa galaanaa kanarratti qorannoo dhugaa irratti hundaa’e, ji’oo-siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee irratti qorannoowwan walitti fufiinsaan gaggeessaa akka jirus beeksiseera. Inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataa dhimma qorannoo Afrikaa doktar Gaashaawu Ayifaraam akka jedhanitti, Itiyoophiyaan abbummaa ulaa galaanaa ishee dhabuun ishee dadhabinsa keessoo fi dhiibbaa alaatiin kan uumame,shira irratti dalagame ta’uu ibsaniiru.
Godina wallagga Lixaatti lafti  hektaarri kuma 20 ol qonna bonaan Kuduraan misoomaa jira
Dec 6, 2025 20
Sadaasa 27/2018(TOI)-Godina wallagga Lixaatti jallisii qonna bonaan deeggaramuun lafa hektaara kuma 20 ol irratti kuduraawwaniin misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waajjirichatti ogeessii misooma Jallisii Girmaa Jaalataa TOI’f akka ibsanitti, Godinichatti omishaa fi Omishtummaa Qonnaan Bulaa guddisuun wabiin nyaataa akka mirkanaa’uuf misooma qonna gannaa cinaatti misooma jallisii Boneef xiyyeeffannoon kennameera. Kanaanis misooma jallisii bonee bara Kanaan lafa hektaara kuma 20 fi 532 kuduraan misoomuu dubbataniiru. Misoomni jallisii filannoowwan Bishaanii fayyadamuun qonnan bulaan waaggaatti yeroo lamaa fi isaa ol akka omishu deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Jallisii Bonee irraa caalaa Qullubbii Diimaa, Timaatimii , raafuu maraa, Qoosxaa, Qullubbii adii Kaarotii fi kanneen biroon Misoomaa jiraachuu eeruun kanarraas callaan kuntaalli miiliyoona 3 tuqaa 4 ol walitti qabuuf karoorsuu eeraniiru. Qonnaan bulaan kuma 134 ol Misooma kanarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Misooma jallisii bonee guddisuuf dhiheessiin sanyii filatamaa fi Xaa’oo yeroon qonnaan bulaaf raabsamuu eeraniiru. Misoomni jallisii bonee fayyadamummaa Dinagdee Qonnaan bulaa guddisuu fi sirna soorataa akka jijiiruuf isa fayyaduu kaasaniiru. Boqqolloo qonna gannaan omishan walitti qabuun jallisii boneen Goommanaa fi hundee diimaa misoomasaa jiraachuu kan dubbatan immoo qonnaan bulaa Gaarumaa Jaalataa ti. Ammaan dura bokkaa eeganii omishuusaaniin haalli jireenya isaanii nyaatanii buluurra akka hin ceene ibsuun , waggoota dhihooti asitti garuu jallisii fayyadamuun waggaatti yeroo lamaa fi isaa ol omishuun wabii nyaataasaanii mirkaneessuu dubbataniiru. Qonnaan bulaan biroon Hundaa ol Hundumaa gamasaaniin, paampii bishaan harkisu waajjirri qonnaa mijeesseefiin fayyadamuun bishaan naannoosaanii jiru harkisuun kuduraawwan yeroo gabaabaatti gahan misoomsaa jiraachu dubbataniiru. Jallisii bonee bara darbeen Kuduraawwan adda addaa omishuun nyaatarra darbee gabaaf dhiheessuun galii dabalataa argachuusanii ibsaniiru. Kanaaf bara kana hojicha babal’isuuf gorsa ogeeyyii Qonnaa hojiirra oolchuun misooma jallisi boneen kaarotii fi Raafuu maramaa misoomsaa jiraachuu dubbataniiru.
Giddu galichi damee bunaa irraa bu’aa biyyi argachuu maltu akka argattuuf gahee isaa bahachaa jira
Dec 6, 2025 22
Sadaasa 27/2018(TOI)- Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaatti, Giddu-Galli Qorannoo Qonnaa Jimmaa biyyattiin buna irraa bu’aa malu akka argattu gahee isaa bahataa jiraachuu ibseera. Daarektarri giddugalichaa obbo Lammii Beeksisaa TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, giddu galichi oomisha bunaa irratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Haaluma kanaan naannoo bunni itti misoomsamu keessatti wiirtuuwwan xixiqqaa hundeessuun teeknooloojiin misoomsuu, baay’isuun, tamsaasuun ni hojjetama jedhaniiru. Hanga ammaatti qorannoodhaan sanyii bunaa kan adda baafamanii sanyii fooyya’aa kennuu danda’an gosa sanyii bunaa 51 fayyadamtootaaf dhiyeessuu himaniiru. Kunis giddu galichi bu’aa biyyi buna irraa argachuu qabdu akka argattuuf shoora isaa bahachaa jiraachuu kan agarsiisu dha jedhaniiru. Sanyiin bunaa fooyya’aan argaman kunniin karaa lama ta’uu eeruun, tokko karaa filannootiin yoo ta’u, kan lammaffaa immoo sanyii diqaalomsuun ta’uu ibsaniiru. Sanyiiwwan diqaalomsuun argaman kunniin 9 yoo ta’an, heektaara tokko irraa hanga kuntaala 26 argachuun akka danda’amu himaniiru. Giddu galichi teekinloojiiwwan maddisiisuun dabalatatti, sanyiiwwan fooyya’aa baay’isuun waggaa waggaan bifa sanyii fi biqilaan qonnaan bultootaaf raabsaa jira jedhaniiru. Buna qabeenya biyyaa ta’e, naannolee adda addaa irraa walitti qabuun wiirtuuwwan giddugalicha jala jiran keessatti sanyii bunaa kuma 6 ol oyiruu keessa tursiisuun hojjetamaa akka jirus mirkaneessaniiru.
Biyyee asiidawaa nooraan wal’aanuuniifi xaa’oo uumamaa fayydamuun oomishaafi oomishtummaa guddisuun danda’ameera
Dec 5, 2025 102
Sadaasa 26/2018(TOI)- Biyyee asiidawaa nooraan wal’aanuuniifi xaa’oo uumamaa bal’inaan fayydamuu barsiifata godhachuun oomishaafi oomishtummaa guddisuun cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Qonnaa beeksise. Ministeera Qonnaatti hojii gaggeessaa olaanaa misooma qabeenya biyyee Liiree Abiyoo turtii TOI waliin taasisaniin, oomishtummaa midhaanii guddisuuf tattaaffii taasifamu keessatti biyyee eeguufi kunuunsuun dhimma murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti biyyee asiidawaan oomishtummaa irratti miidhaa guddaa fida jedhaniiru. Keessattuu naannoon Oromiyaa,Sidaamaafi Giddu galeessi Itiyoophiyaa akkasumas naannooleen biroo biyyee asiidawaan hubamaniiru jedhan. Akka biyyaatti hojiin biyyee asiidawaa nooraan wal’aanuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Gama biraatiin, naannoo goginsi mudatutti mala kuusa bishaanii tekinooloojiin fayyadamuun asiidawaa biyyee ittisuun bal’inaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Teekinooloojii kana irraas qonnan bultoonni fayyadamaa ta’aa jiraachuu eeraniiru. Mala kuusa bishaanii teekinooloojii fayadamuun fakkeenyummaa gaarii kan qaban, Benishaangul Gumuuz, naannoo Kibba Itiyoophiyaafi naannoo Kibba Lixa Oromiyaa dha. Hojiileen gaaarii milkaa’ina qabu kuni immoo naannoolee birootti akka babal’atuuf hojiin muuxannoo waljijjiiruu hojjetamaa jira jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota torban darban keessatti hojiirra oolee, fi tattaaffiin kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifame, gabbina biyyeef gumaacha olaanaa akka taasisaa jiru hubachiisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Konkolaattonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Dec 4, 2025 152
Sadaasa 25/2018(TOI)-Konkolaattoonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu Deetaan Ministira Ministiraa Geejjibaa fi walitti hidhaminsa riijinii obbo Bari’oo Hasan himan. Mootummaan konkolaattoota elektirikaa babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Deetaan Ministiraa kuniTOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa dandeettii teessumaa daangeffameen fedhii geejjibaa guutuun rakkisaa dha. Haa ta’u malee, mootummaan dhiyeessii konkolaattotaa babal’isuun tajaajila geejjibaa hawaasni akka argatu hojjechaa jira jedhaniiru.   Konkolaattoonni elektirikaa faayidaalee olaanaa qabaachuu ibsuun, mootummaan biyya keessa bal’inaan galchuun tajaajila akka kennan gochuun xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan. Mootummaanis hanqina geejibaa ummtaa furuuf konkolaattota elektirikaa babal’isaa jiraachuu eeraniiru. Konkolaattonni geejjibaa ummataa 110, dhiheenya kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojiirra oolche ‘Veloosiitiin”, daandiiwwan hanqinni jiru 11 irratti bobbaasuun, kunis jijjiirama guddaa fideera jedhan.   Akkasumas, minibaasoonni elektirikaa 22 tajaajilaaf dhiyaachuun isaanii, konkolaattota ummataa gurguddaa,’veeloosiitii’ wajjin walsimsiisuun, fedhii geejjibaa guutuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru. Dhaabbileen konkolaattota elektirikaa fayyadamuun tajaajila taaksii kennan hundeeffamuu isaaniis eeruun; damee dhuunfaa waliin ta’uun tajaajilli geejjibaa dhaqqabamaa taasisuuf adeemsi akka jirus ibsaniiru. Itiyoophiyaan erga konkolaattota elektirikaa hojiirra oolchuu eegaltee as sadarkaan amma irra geesse dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddisa jedhaniiru. Konkolaattota dhuunfaa dabalatee konkolaattota ummataa gara konkolaattoota elektirikaatti jijjiiruun bu’aa gaarii fidaa jiraachuu deetaan ministiraa kun himaniiru. Kunis faayidaa hawaas diinagdee olaanaa qabaachuu himaniiru.
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba
Dec 3, 2025 132
Sadaasa 24/2018(TOI)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teekinooloojii doktar Ballaxaa Mollaa ibsan. Simpooziyeemiin Kilabii Daayimandii bara 2025 Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetiin qophaa'e mata duree " Egeree hammataa uumuuf hoggansa Dijitaalaa Addunyaa Cimsuu " jedhuun gaggeeffamaa jira. Haasaa baniinsaa simpooziyeemii kanarratti taasisaniin Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa rakkoolee addunyaa ulfaataa fi walxaxaa ta’an hiikuuf teeknooloojiin carraa fidee dhufuu ibsaniiru. Gama biraatiin teeknooloojii sirnaan fayyadamuu dhabuun qormaata haaraa uumuuf carraa akka qabu hubachiisaniiru. Qormaata kana furuuf biyyoonni tumsa isaanii daran cimsuu qabus jedhan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhiheenya kana ragga’e guddina diinagdee hunda hammate mirkaneessuu fi nageenya lammiilee guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabus cimsanii dubbataniiru. Guddinni dijitaalaa Itiyoophiyaa jajjabeessaa ta’uu eeruun; lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman sirna adda baasuu dijitaalaa keessatti hammatamaa akka jiran himaniiru. Babal’inni bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa fi guddinni kenniinsa tajaajila mootummaa elektirooniksiin taasifamu dabalaa jiraachuu himaniiru. Qormaatni iccitii odeeffannoo qabachuu, nageenyi saayibarii, fi hubannoo namtolchee mudatu biyya tokko qofaan furmaata argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Simpooziyeemiin har'aa kun yeroo marii qofa osoo hin taane gara hojiitti tarkaanfachiisu ta'uu qaba jedhaniiru.
Dhaabbilee fi seektaroonni, hubannoo namtolchee safartuu madaala isaanii gochuu qabu- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Dec 2, 2025 151
Sadaasa 23/2018(T0I)- Ministirri Muummee doktar Abiyyii Ahimad dhaabbilee fi dameen kamuu akka safartuu raawwii hojii fi galmaatti hubannoo namtolchee fayyadamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. "ija mootummaa Ida’amuutiin, guddina dameelee" yaadota Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa irratti kaasan keessaa tokko damee dijitaalaa kan ilaallatudha. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dameen dijitaalaa hojiilee hedduu walitti kan fidu ta’uu himuun, mootummaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa(Faayidaa), baankii moobaayilaa, fi mala kaffaltii ammayyaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Akkasumas, hubannoon namtolchee fi saayinsiin kuwaantum haala jireenya dhala namaa, hojii fi yaada dhala namaa jijjiiraa akka jiran ibsaniiru. Teekinooloojii fudhachuu qabna kan jedhan Muummeen Ministiraa dooktar Abiyyi Ahimad, hubannoon namtolchee humna, oomishaa fi hirmaannaa seera uumamaa irra deebi’ee barreessaa akka jiru ibsaniiru. Dandeettiin biyya keessaa waraqaa eenymmaa biyyaoolessaa (Faayidaa), Paaspoortii, Mesob, Baankii Moobaayilaa, Mala Kaffaltii Ammayyaa, Tajaajila Dijitaalaa Gumurukaa fi Galii, fi Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Faayinaansii Walitti Hidhame (IFMIS) misoomuu fi babal’achuu akka qabus cimsanii dubbataniiru. Dameeleen adda addaa hagam hubannoo namtolcheetti fayyadamaniiru? Jennee madaaluu yoo hin jalqabne, yoo turrellee yoomiyyuu galmaan hin geenyu jedhan. Hojiima kamiifiyyuu teekinooloojii fayyadamuun akka barbaachisu eeruun, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf teekinooloojiiwwan adda addaa waliin walitti hidhuun dirqama akka ta’e ibsaniiru. Ministirri Muummee yaada galma tokkoo kan jedhuun ibsa kennaniin ,tokkoon tokkoon magaalaa tajaajila wiirtuu tokkoo(MESOB) banuu akka qabus eeraniiru. Imaammata waraqaa eenyummaa biyyoolessaa 100% guutummaan guutuutti galmaan ga’uuf qabame hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsuun, kanaafis caasaan bulchiinsaa hundi cimanii hojjechuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan hojii baay’ee murteessaa ta’uu eeruun, jalqabbiin kun 100% milkaa’uu qaba jedhan. Dhaabbileeniifi dameeleen tokkoon tokkoon isaanii hubannoo namtolchee hangam fayyadameera? Kan jedhu galma kaa’uu akka qabanis ibsaniiru. Itti fayyadamni hubannoo namtolchee (artificial intelligence) yoo hin guddanne jijjiiramnii fi walitti hidhamiinsi yaadame dhufuu akka hin danda’amnes hubachiisaniiru. Kalaqaa fi saffisaan, qulqullinaa fi hedduummina galmaan ga’uuf carraaquun hojii ijoo mootummaa ida’amuu ta’uu ibsaniiru doktar Abiyyi Ahimad.
Ispoortii
Piriimar Liigichaan taphni Astonviilaan dursaa Liigichaa Arsanaal waliin taassisu ni eegama
Dec 6, 2025 4
Sadaasa 27/2018(TOI)-Piriimar Liigii Ingilizi torban 15ffaan taphni Astonviilaa fi Arsanaal har’a gaggeessan qalbii jaallattoota kubbaa miillaa hawateera. Taphni Garee lamaanii har’a guyyaa sa’aati 9:30tti Istaadiyeemii Viilaa Paarkitti gaggeeffama. Astonviilaan qabxii 27n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu Arsanaal qabxii 33n liigicha durseera. Leenjisaa lammii Ispeen Unaay Eemireen kan durfamu Astonviilaan taphoota 14 gaggeesseen yeroo 8 yoo mo’atu yeroo sadii mo’ameera. Tapha hafee biroo hafan 3’n qixa adda baheera. Taphichaan galchii 20 yoo lakkoofsisu galchii 14 keessummeessee, qabxii 27n sadarkaa 3ffaa qabateera. Morkataansaa Arsanaal gamasaan dorgomichaan Taphoota 14 gaggeesse keessaa 10 yoo injifatu, yeroo tokko qofa mo’ameera. Taphoota sadiin qabxii qooddateera. Galchiiwwan 27 taphoota 14n yoo lakkoofsisu galchiiwwan 7 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ispeeniin tapahattoonni durfaman liigicha qabxii 33’n dursaa jiru. Kilaboonni lameen Piriimar Liigichaan walitti kan dhufan kan ammaa yeroo 61ffaa dha. Taphoota 60 ammaan dura gaggeessaniin Arsanaal yeroo 39 injifachuun olaantummaa yoo qabatu, AstonViilaan yeroo 13 mo’atee yeroo 8 immoo qixaan baheera. Arsanaal taphichaan galchii 125n yoo lakkoofsisu Astonviilaan galchii 73 lakkoofsiseera. Liigichaan yeroo 10 walitti dhufanitti Arsanaal yeroo shan yoo injifatu, Astonviiilaan yeroo sadii mo’eera. Taphoota hafan sadiin qixaan bahaniiru. Bara dorgommichaatti jalqaba tapha dadhabaa erga argisiisee booda dhaabbii cimaarratti kan argamu Astonviilaan tapha har’aan dursaa garichaa ni qora jedhamee eegama. Gahumsa cimaarratti kan argamu Arsenaal Taphicharratti dursummaa liigichaa cimsuuf gahumsa olaanaarratti argamuu qaba. Piiter Baankis nama umurii waggaa 43 tapha eegamu abbaa seerummaan gaggeessu.   Sagantaawwan biroon liigichaan sadarkaa lammaafaarratti kan argamu Maanchistar Siitiin Sandarlaandi waliin Sanbata galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Itihaaditti taphni taasisu ni eegama. Galagala sa’aatii 2:30tti Liidsi Yunaayitid mo’ataa liigichaa kan yeroo kanaa Liivar puul waliin ni tapahata. Evertan Notingihaam Foorasti waliin, Niwuukaastil Yunaayitid barnileey waliin , Tootanihaam hootisparsi Bireentifordii waliinii fi Bornimaawuz chelsii waliin yeroo wal fakkaatutti galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu.
Piriimiyer liigii Itiyoophiyaa Torban 9ffaan har’a  eegala
Dec 5, 2025 52
Sadaasa26/2018(TOI)-Piriimiyeer liigii Itiyoophiya torban 9ffaan oolmaasaa guyyaa jalqabaan taphoonni lama gaggeeffamu. Guyyaa sa’aatii 9:00 irratti walaayittaa diichaan Midiregennet shiree waliin Istaadiyeemii finfinneetti taphatu. Walaayittaa Diichaan taphoota liigichaa 5 darbanitti yeroo 1 qofa injifateera. Yeroo tokko yoo mo’amu yeroo sadii qixa baheera. Taphichaan galchii 6 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera. Garichi qabxii 6n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aa keessatti argama. Morkataansaa midire gannetShireen taphoota shan darbaniin yeroo lama yoo injifatu , haaluma walfakkaatuun yeroo lama mo’ameera. Tapha tokko hafe qabxii qooddateera. Galchii 6 yoo lakkoofsisu galchii 5 keessummeesseera. Midiregennet Shireen qabxii 12n sadarkaa 9ffaa qabateera.   Sagantaa biroon Madin Itiyoophiyaan Itiyoo Elektirikii waliin guyyaa sa’aatii 10:00 istaadiyeemii Yuunvarsiistii Hawaasaatti taphatu. Injifataan Liigicha yeroosanaa Madin Itiyoophiyaan Taphoota shan darban keessaa injifachuu kan danda’e yeroo tokko qofa . Yeroo sadii yoo mo’amu tapha tokko hafe qixa baheera. Taphichaan galchii 3 yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. Madin tapha sirreeffamaa jijiiree qabxii 8n sadarkaa 15 irra taa’eera. Morkataansaa Itiyoo -elektiriik gamasaan taphoota shan darbaniin 2 mo’atee tokkoon mo’amee , 2 qixaan adda baheera. Taphichaan galchii lama yoo lakkoofsisu haaluma wal fakkaatuun galchii lama keessummeesseera. Itiyoo Elektirik qabxii 15n sadarkaa 4ffaa qabateera. Piriimiyer liigii Itiyoophiyaa Torban 9ffaan hanga sadaasa 28 bara 2018 ni tura. Bunni sidaamaa Liichicha qabxii 19n dursaa jira. Walaayittaa diichaa, maqalee sabaandartaa , magaalaan Aarbaamincii fi walwaloo adda giraat yuunvarsiitiin sadarkaa 17ffaa hanga 20ffaa qabachuun sadarkaa gad-bu’aa keessatti argamu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 500
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.  
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 453
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 444
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru.   Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15774
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 523
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015