Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaatti damee misooma qabeenya bishaanii fi hojiin uwwisa bishaan qulqulluu irratti hojjetame guddina olaanaa galmeessiseera
Feb 13, 2026 8
Guraandhala 6/2018 (ENA) - Itiyoophiyaatti damee misooma qabeenya bishaanii fi hojiin uwwisa bishaan qulqulluu irratti hojjetame guddina olaanaa galmeessisuu ibse Ministeerri Bishaanii fi Inarjii. Walgahiin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti kaleessaa fi dheengadda guyyoota lamaaf adeemsifamaa ture xumurameera. Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun boruu fi boru oolee itti fufa. Akka Gorsaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa ibsanitti, mata dureen Gamtichi irratti mari’atu nageenya bishaanii fi qulqullina naannoo Afrikaa irratti xiyyeeffachuun milkaa’ina misooma Itiyoophiyaaf galtee guddaa ta’a jedhani. Biyyoonni Afrikaa bu’uuraalee bishaanii nageenyaa fi amanamoo ta’an ijaaruun lammiilee ardii kanaa fayyadamummaa waliigalaa mirkaneessuuf waliin hojjechuu qabu jedhani. Kanumaan walqabatee Itiyoophiyaan dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu lammiilee ishee fooyyeessuu qofa osoo hin taane, ummata biyyoota ollaa fayyadamoo taasisuudha jedhaniiru. Mata dureen yaa’ii hoggantoota Gamtichaa sirna bishaanii fi qulqullina naannoo ardiilee fooyyessuuf carraa invastimantii akka uumus eeraniiru. Bu’aawwan qabeenya bishaanii fi sirna qulqullinaa Itiyoophiyaa fooyyessuu keessatti galmaa’an eegsisuuf ijaarsi bu’uuraalee misoomaa bal’aan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan piroojektoota misooma bishaan dhugaatii qulqulluu, bulchiinsa bishaanii fi misooma anniisaa haaromfamuu danda’u ardii kanaafis ta’e dhiyeessuudhaan milkaa’ina fakkeenyummaa qabu galmeessisuu ishee ibsaniiru. Investimantiin qabeenya bishaanii dandeettii guddaa akka barbaadu eeruun, Itiyoophiyaan ajandaa Gamtaa Afrikaa galmaan ga’uuf michoota misoomaa waliin ta’uun hojjechaa jirti jedhani.
Itiyoophiyaatti milkaa’inoonni Omishtummaa Qonnaa Birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti fakkeenyummaan kan fudhatamanidha
Feb 13, 2026 10
Guraandhala 6/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti milkaa’inoonni wabii nyaataa mirkaneessuuf argaman biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenyummaan kan fudhataman ta’uusaa hogganaan waldaa shaarika daldalaa Gamtaa warraaqsa misooma Magariisaa Afrikaa (AGRA) Kaasii karlii Manilan ibsan. Walga’iin Idilee Mana Maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa 48ffaan guyyaa lamaaf gaggeeffamaa ture kaleessa xumurameeera. Yaa’iin hoggantootaa gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu, milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’ jedhuun boruu fi iftaan Finfinneetti gaggeeffama. Gamtaa warraaqsa Magariisaa Afrikaatti (AGRA)tti Hoggantuun shaarikaa fi Misoomaa Daldalaa Kaasii Karlii misooma qabeenya bishaanii fi eegumsa qulqullinaa fayyummaa Hawaasaaf dhimma murteessaadha jedhaniiru. Kanaanis Afrikaatti omishtummaa Qonnaa mirkaneessuun birmadummaa nyaataa Lammiilee dhugoomsuuf misoomni qabeenya Bishaanii fi bu’uuraalee misoomaa jallisii babal’isuu akka qaban eeraniiru. Misooma Qabeenya bishaaniin omishawwan Misooma Qonnaa Ardii baayaa’inaa fi qulqullina dabaluun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun akka barbaachisu kaasaniiru. Kanaanis biyyoota Afrikaa keessatti omistummaa guddisuun lammiileen Adrichaa sirna soorataa fayyaa qabeessaa fi Amansiisaa haala itti argatan akka qabaatan hubachiisaniiru. Kanaanis Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneesuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aa qabeessa ta’uushee eeruun,biyyoota Afrikaa birootiif Barnoota akka ta’u dubbataniiru. Omishtummaan qonnaa Itiyoophiyaa birmadummaa sirna soorataa mirkaneessuuf cimaa fi ajaa’ibsiisaa ta’uusaanii ibsaniiru.
Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa guddina waloo naannichaaf murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif carraaqqiin qaamolee hundaa barbaachisaadha
Feb 13, 2026 15
Guraandhala 6/2018 (ENA) - Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa guddina waloo naannichaaf murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif carraaqqiin qaamolee hundaa barbaachisaa ta’uu hayyoonni hubachiisani. Hayyoonni kunneen ENAtti akka himanitti, mirgi buufata galaanaa Itiyoophiyaa gama seeraa, seenaa, fi teessuma lafaatiin fudhatama kan qabu yoo ta’u, tasgabbii fi guddina waliinii biyyoota gaanfa Afrikaafis murteessaa ta’uu dubbatani. Yuunivarsiitii Finfinneetti kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa barsiisaa fi qorataa kan ta’an Doktar Dammaqaa Achisoo dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa dhimma misoomaa fi jiraachuu akka ta’e ibsani. Kana galmaan ga’uuf hojiin dippilomaasii fi seeraa hojjetamaa jiru fayyadamummaa haqa qabeessa ta’e galmaan ga’uu fi galma guddina waloo naannichaaf iddoo guddaa akka qabus eeraniiru. Itiyoophiyaan buufata galaanaa ishee fayyadamuun daldala idil-addunyaa fi hariiroo alaa gaggeessaa akka turte ragaan kan agarsiisu ta’uus Yunivarsiitii Hawaasaatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa doktar Nugus Balaay himaniiru. Bu'uura seenaa fi seera qabeessa kana bu'uura godhachuun Mirga Itiyoophiyaan buufata galaanaa irratti qabdu mirkaneessuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta'uu ibsaniiru. Inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataa dippilomaasii fi imaammata alaa kan ta’an doktar Ambaasaaddar Maarqoos Takilee gama isaaniin, Itiyoophiyaan karra galaanaa eegsisuuf carraaqqiin dippilomaasii taasiftu milkaa’inaan itti fufuufaa jiraachuu beeksisaniiru. Adeemsa ulaa galaanaa argachuuf haalli Itiyoophiyaan itti jirtu karaa nagaa, dippilomaasii fi seera qabeessa ta’e galmaan ga’uuf hirmaannaa lammiilee dabalatee biyyoonni naannichaa deebiin gaarii jiru barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Siyaasa
Hawaasummaa
Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa guddina waloo naannichaaf murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif carraaqqiin qaamolee hundaa barbaachisaadha
Feb 13, 2026 15
Guraandhala 6/2018 (ENA) - Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa guddina waloo naannichaaf murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif carraaqqiin qaamolee hundaa barbaachisaa ta’uu hayyoonni hubachiisani. Hayyoonni kunneen ENAtti akka himanitti, mirgi buufata galaanaa Itiyoophiyaa gama seeraa, seenaa, fi teessuma lafaatiin fudhatama kan qabu yoo ta’u, tasgabbii fi guddina waliinii biyyoota gaanfa Afrikaafis murteessaa ta’uu dubbatani. Yuunivarsiitii Finfinneetti kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa barsiisaa fi qorataa kan ta’an Doktar Dammaqaa Achisoo dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa dhimma misoomaa fi jiraachuu akka ta’e ibsani. Kana galmaan ga’uuf hojiin dippilomaasii fi seeraa hojjetamaa jiru fayyadamummaa haqa qabeessa ta’e galmaan ga’uu fi galma guddina waloo naannichaaf iddoo guddaa akka qabus eeraniiru. Itiyoophiyaan buufata galaanaa ishee fayyadamuun daldala idil-addunyaa fi hariiroo alaa gaggeessaa akka turte ragaan kan agarsiisu ta’uus Yunivarsiitii Hawaasaatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa doktar Nugus Balaay himaniiru. Bu'uura seenaa fi seera qabeessa kana bu'uura godhachuun Mirga Itiyoophiyaan buufata galaanaa irratti qabdu mirkaneessuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta'uu ibsaniiru. Inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataa dippilomaasii fi imaammata alaa kan ta’an doktar Ambaasaaddar Maarqoos Takilee gama isaaniin, Itiyoophiyaan karra galaanaa eegsisuuf carraaqqiin dippilomaasii taasiftu milkaa’inaan itti fufuufaa jiraachuu beeksisaniiru. Adeemsa ulaa galaanaa argachuuf haalli Itiyoophiyaan itti jirtu karaa nagaa, dippilomaasii fi seera qabeessa ta’e galmaan ga’uuf hirmaannaa lammiilee dabalatee biyyoonni naannichaa deebiin gaarii jiru barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Walakkaa bara baajataa kana keessa turistoonni kuma 102 ol naannoo Hararii daawwataniiru
Feb 12, 2026 65
Guraandhala 5/2018 (ENA) - Walakkaa bara baajataa 2018 keessa turistoonni biyya alaa fi biyya keessaa kuma 102 fi 382 ol naannoo Hararii daawwataniiru jedhan pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii obbo Ordiin Badirii. Walgahiin idilee 9ffaa, marsaa 6ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Naannoo Hararii yeroo ammaa gaggeeffamaa jira.   Walgahii kanarratti gabaasa hojii bulchiinsa mootummaa naannichaa walakkaa bara 2018 kan dhiyeessan obbo Ordiin damee turizimii keessatti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuusaa ibsaniiru. Pirojektoonni misooma bakkeewwan gahumsa turistootaa, beekamtiin Harar idil-addunyaa fi hojiin beeksisaa itti fufee jiru magaalattiif dandeettii dabalataa uumuu qofa osoo hin taane, yaa’insa turistootaa fi turtiin turistootaa akka dabalu kan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Walakkaa bara baajataa kanaatti turistoota naannicha daawwatan irraa birriin miiliyoona 226 ol akka argames hubachiisaniiru. Sagantaa Irra Deebiin Misoomsuu Daandiiwwan Keessoo Jagool marsaa 4ffaa irratti hirmaannaa dhaabbilee mootummaa, aanaalee fi abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin hojiiwwan misooma koridaraa kiiloo meetirri sagalii ol hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Gama biraatiin, hojiiwwan omishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti bu’aa jajjabeessaan argamuu ibsaniiru. Damee qonnaa misooma jallisii babal’isuu, sagantaa Ashaaraa magariisaa, makaanaayizeeshinii fayyadamuu, dhiyeessii sanyii qulqullina qabu guddisuun, oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka turanis eeraniiru. Midhaan biilaa fi agadaa kuntaala kuma 9 fi 374 kan misoomsuun, oomisha callaa kuntaala kuma 150 fi 572 akka oomishuun danda’ame beeksisaniiru.
Diinagdee
Itiyoophiyaatti damee misooma qabeenya bishaanii fi hojiin uwwisa bishaan qulqulluu irratti hojjetame guddina olaanaa galmeessiseera
Feb 13, 2026 8
Guraandhala 6/2018 (ENA) - Itiyoophiyaatti damee misooma qabeenya bishaanii fi hojiin uwwisa bishaan qulqulluu irratti hojjetame guddina olaanaa galmeessisuu ibse Ministeerri Bishaanii fi Inarjii. Walgahiin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti kaleessaa fi dheengadda guyyoota lamaaf adeemsifamaa ture xumurameera. Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun boruu fi boru oolee itti fufa. Akka Gorsaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa ibsanitti, mata dureen Gamtichi irratti mari’atu nageenya bishaanii fi qulqullina naannoo Afrikaa irratti xiyyeeffachuun milkaa’ina misooma Itiyoophiyaaf galtee guddaa ta’a jedhani. Biyyoonni Afrikaa bu’uuraalee bishaanii nageenyaa fi amanamoo ta’an ijaaruun lammiilee ardii kanaa fayyadamummaa waliigalaa mirkaneessuuf waliin hojjechuu qabu jedhani. Kanumaan walqabatee Itiyoophiyaan dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu lammiilee ishee fooyyeessuu qofa osoo hin taane, ummata biyyoota ollaa fayyadamoo taasisuudha jedhaniiru. Mata dureen yaa’ii hoggantoota Gamtichaa sirna bishaanii fi qulqullina naannoo ardiilee fooyyessuuf carraa invastimantii akka uumus eeraniiru. Bu’aawwan qabeenya bishaanii fi sirna qulqullinaa Itiyoophiyaa fooyyessuu keessatti galmaa’an eegsisuuf ijaarsi bu’uuraalee misoomaa bal’aan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan piroojektoota misooma bishaan dhugaatii qulqulluu, bulchiinsa bishaanii fi misooma anniisaa haaromfamuu danda’u ardii kanaafis ta’e dhiyeessuudhaan milkaa’ina fakkeenyummaa qabu galmeessisuu ishee ibsaniiru. Investimantiin qabeenya bishaanii dandeettii guddaa akka barbaadu eeruun, Itiyoophiyaan ajandaa Gamtaa Afrikaa galmaan ga’uuf michoota misoomaa waliin ta’uun hojjechaa jirti jedhani.
Itiyoophiyaatti milkaa’inoonni Omishtummaa Qonnaa Birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti fakkeenyummaan kan fudhatamanidha
Feb 13, 2026 10
Guraandhala 6/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti milkaa’inoonni wabii nyaataa mirkaneessuuf argaman biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenyummaan kan fudhataman ta’uusaa hogganaan waldaa shaarika daldalaa Gamtaa warraaqsa misooma Magariisaa Afrikaa (AGRA) Kaasii karlii Manilan ibsan. Walga’iin Idilee Mana Maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa 48ffaan guyyaa lamaaf gaggeeffamaa ture kaleessa xumurameeera. Yaa’iin hoggantootaa gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu, milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’ jedhuun boruu fi iftaan Finfinneetti gaggeeffama. Gamtaa warraaqsa Magariisaa Afrikaatti (AGRA)tti Hoggantuun shaarikaa fi Misoomaa Daldalaa Kaasii Karlii misooma qabeenya bishaanii fi eegumsa qulqullinaa fayyummaa Hawaasaaf dhimma murteessaadha jedhaniiru. Kanaanis Afrikaatti omishtummaa Qonnaa mirkaneessuun birmadummaa nyaataa Lammiilee dhugoomsuuf misoomni qabeenya Bishaanii fi bu’uuraalee misoomaa jallisii babal’isuu akka qaban eeraniiru. Misooma Qabeenya bishaaniin omishawwan Misooma Qonnaa Ardii baayaa’inaa fi qulqullina dabaluun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun akka barbaachisu kaasaniiru. Kanaanis biyyoota Afrikaa keessatti omistummaa guddisuun lammiileen Adrichaa sirna soorataa fayyaa qabeessaa fi Amansiisaa haala itti argatan akka qabaatan hubachiisaniiru. Kanaanis Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneesuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aa qabeessa ta’uushee eeruun,biyyoota Afrikaa birootiif Barnoota akka ta’u dubbataniiru. Omishtummaan qonnaa Itiyoophiyaa birmadummaa sirna soorataa mirkaneessuuf cimaa fi ajaa’ibsiisaa ta’uusaanii ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru
Feb 11, 2026 67
Guraandhala 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaabooritti bara bajatichaa walakkaa waggaatti jiraattonni kuma112 ol eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhachuusaanii Bulchiinsi Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Mahaammadxahaa Abbaa Fiixaa, jiraattonni godinichaa eenyummeessaan Dijiitaalaa imala Dijiitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kan deeggaru ta’uu hubachuun, eenyummeessaa kana fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Eenyummeessaa Dijiitaalaa kallattiiwwan biyyaalessaa damee Teekinooloojiin qabaman keessaa tokko ta’uu ibsuun jiraattonni godinicha hundi eenyummeessaa kana akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.   Bara baajataa qabame jiraattonni kuma 164 ol eenyummeessaa dijiitaalaa akka argatan karoorfamee walakkaa waggaatti jiraattonni kuma 112 ol ta’an argachuusaanii ibsaniiru. Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru. Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun, kenniinsa tajaajilaa saffisaa kennuuf  dandeessiseera
Feb 10, 2026 88
Guraandhala 3/2018 (ENA) - Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan dandeessisaa jira jedhan hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii. Teekinooloojii dijitaalaan damichaa deeggaruun tattaaffiin taasifamaa jiru sirna ammayyaa fi kenniinsa tajaajilaa saffisaa ta’e kennuudhaan guddina biyyoolessaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira. Akka hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii jedhanitti, sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan taasisaa jira. Biiroo Misooma Daldalaa fi Industirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Daarektarri Galmeessaa fi eeyyama Daldalaa obbo Saamu’eel Gujoo ENAtti akka himanitti, sirni dijitaalaa tajaajila faayinaansii si’aawaa taasisuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fideera. Keessattuu tajaajilli dijitaalaa kun hawaasni daldalaa gara dhaabbilee faayinaansii osoo hin deemiin, bakka jiran hundatti tajaajila akka argatan taasisaa jira jedhani. Galmeen daldalaa haaraa, haaromsa eeyyama daldalaa fi tajaajiloonni biroo karaa sirna dijitaalaa kennamaa akka jiran himaniiru. Ji’oota 6’n darbanitti eeyyamni daldalaa kuma 107 ol kan haaromfame yoo ta’u, kana keessaa kuma 57 ol karaa ‘e-Trade’ fi tajaajila ‘Woreda Net’n kan kenname ta’uu ibsameera. Daldaltoonni naannichaa Godinoota 12 fi magaalota Riijiwoo poolisii 3 keessa jiran bakka jiranitti tajaajila akka argatan gochuun, hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa kanaan rakkoolee hedduun furmaata argataniiru jedhan obbo Saamu’eel. Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Damee Arbaa Minci obbo Darajjee Maarqos "Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tajaajila dameewwan faayinaansii haaromsuun barbaachisaa dha" jedhan. Hojiin faayinaansii baankichaa dhibbeentaan 87 ol sirna dijitaalaan kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni filannoo kaffaltii adda addaa baankichi qopheesse fayyadamuun mana isaanii ykn bakka hojii isaanii taa’anii tajaajila argachaa akka jiran hogganaan kun ibsaniiru. Gargaarsa baankii moobaayilaatiin maamiltoonni yeroo fi bakkaan osoo hin daangeffamiin daldala gaggeessuu kan danda’an yoo ta’u, karaa baankii interneetii dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa daldala gaggeessuu fi hojjettoota isaaniif tajaajila kennuu danda’u jedhan. Kunis kaffaltii akka raawwatan haala mijataa uumeera jedhaniiru. Maamiltoonni waraqaa eenyummaa biyyoolessaa isaanii sirna baankii waliin walqabsiisuudhaan tajaajila amanamaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru obbo Darajjeen. Tajaajilli dhaabbilee faayinaansii dijiitaala ta’uun baasii fi rakkina nu mudatu irraa nu baraareera kan jedhe immoo dargaggeessa jiraataa magaalaa Arbaa Minci kan ta’e Hardiidoo Doloboo dha.
Ispoortii
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata 
Feb 10, 2026 154
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa 
Feb 8, 2026 158
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera.   Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.   Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira.   Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 120
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira.   Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan.   Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 96
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira.   Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Feb 2, 2026 202
Amajji 25/2018(ENA) – Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Bulchiinsa Magaalaa Maayaa jalatti kan argamu bakkeewwan hawata turizimii ta’an keessaa tokko Haroo Haramaayaati. Harri Haramaayaa waggoota hedduuf gogee kan ture yoo ta’u,hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa fi Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin bishaan kuufachuun akka duriisaatti deebi’eera. Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni naannichaa hara sana kunuunsuunii fi misoomsuun lakkoofsi dawwattootaa dabalaa dhufuu isaa hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru. Yeroo ammaa Harichi bakka bashannanaa ta’uu irra darbee,dargaggootaaf carraa hojii uumaa kan jiru yoo ta’u, diinagdee damee kana irraa argamu guddisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Naannichi qabeenya uumamaa hedduu kan qabu ta’uu fi lafa madda aartistootaa ta’uu himaniiru.   Kantiibaan Magaalaa Maayaa doktar Ifraahi Waziir gama isaaniin, kunuunsa bishaanii fi biyyee akkasumas Ashaaraa Magariisaan kan deebi’e Harri kuni, kunuunsi qabeenya uumamaa cimee hojjetamaa jira jedhan. Kana malees madda galii ta’aa jira jedhan.   Harri Haramaayaa kunuunsa isaaf taasifameen miidhagee carraa hojii dargaggootaas ta’ee jiraachuu isaa argeera kan jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti ogeessa turizimii Oliiyaad Bariisoo dha. Naannichatti abbootii qabeenyaa affeeruun loojiiwwanii fi riizoortiiwwan babal’isuun hojiilee fooyya’aa hojjechuun akka danda’amus ibsan obbo Oliyaad.   Haroo Haramaayaa irratti tajaajila bidiruu kan kennu dargaggeessi Muktii Ahimad daawwattoota bidiruutiin daawwachiisuun dabalatatti hojii misooma qurxummii irratti hirmaachaa jiraachuus himeera.
Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiru
Feb 2, 2026 172
Amajjii 25/2018 (ENA)- Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu abbaan taayitaa eegumsa naannoo beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa lafa bishaan qabnii kan baranaa mata duree “lafa bishaan qabuu fi beekumsa mandhalee, hambaa aadaa keenyaa haa kabajnu” jedhuun kabajaa jira. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Fireenash Makuraa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan lafa bishaan qabuu fi lubbu qabeeyyii gragaraan kan badhaatedha. Qabeenyi uumamaa kunneen kunuunfamanii dhalootatti akka darban beekumsa mandhalee fi toftaawwan kunuunsa karaa aadaa qooda olaanaa bahachaa akka turan turuusaanii ibsaniiru. Hawaasni seerota aadaa fi duudhaalee dur qabuun lafa bishaan qabuu fi bishaan kunuunsaa turuusaa eeraniiru. Lafti bishaaan qabatu faayidaa olaanaa taasisaa akka jiran eeranii, bishaan faalame karaa uumamaan calaluu, balaa lolaa ittisuu fi jiidha lafaa eeguu akkasumas jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi hoo’a naannawaa hir’isuu wabeeffataniiru. Miidhaa qabeenya uumamaa kanneen irra qaqqabu furuuf beekumsi saayinsaawaa ammayyaa beekumsa mandhalee waliin qindeessuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirojektoonni ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lagaa yeroo ammaa hojjetamaa jiran nageenya lafa bishaan qabataniif gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Abbaan taayitichaa naannolee fi qaamolee qooda fudhattootaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru eeranii, kunuunsi taasifamu mootummaa qofaan osoo hin taane itti gaafatama hawaasaa, dhaabbilee qorannoo fi dame dhuunfaa ta’uu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16768
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2039
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015