ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Piriimer Liigii Dubartootaan magaalaan Dirree Dawaa Buna Sidaamaa mo’ate
Nov 19, 2025 62
Sadaasa 10/2018 (TOI)- Sagantaa torbee toorbaffa Piriimer Liigii Dubartootaan Itiyoophiyaatiin magaalaan Dirree Dawaa 1 fi 0’n Buna Sidaamaa mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen galchii mo’annaa kana Sarkaaddis Guutaa daqiiqaa 15ffaarratti galchiteetti. Magaalaan Dirree Dawaa liigichaan injifannoo lammaffaa galmeessuun qabxii jahaan sadarkaasaa 13ffaarraa gara saglaffaatti guddifachuun sadarkaa gadi bu’aa keessaa baheera. Gama biraan bara dorgommichaan yeroo sadiif kan mo’ame Bunni Sidaamaa taphni isa hafu osoo jiruu qabxii sagaliin sadarkaa jahaffaarra jira. Tapha turban toorbaffaa kan jalqabaa har’a gaggeeffameen kutaan magaalaa Boolee 1 fi 0’n Machaaliin mo’ateera.
Itiyoophiyaan qabeenya dilbii qabdutti fayyadamuun, daandii guddina dinagdee ariifataa irra jirti
Nov 19, 2025 69
Sadaasa 10/2018(TOI)-Itiyoophiyaan waggoottan 6 kessatti qabeenya dilbii qabdutti fayyadamuun, daandii guddina dinagdee ariifataa irra jirti jechuun ibsan ministirri muummee Maleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim. Fooramiin dinagdee olaanaa Itiyoophiyaa fi Maleeyhiyaa magaalaa Finfinneetti banameera. Fooramichi Giddu gala konveenshinii Addis intarnashinaaliitti gaggeefamaa kan jiru yoo ta’u, fooramicha irrattis pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee,ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee, De’eetaan ministira dhimma alaa Itiyoophiyaa ambaassaaddar Biraanuu Tsaggaayee, hojii raawwachiisaa olaanaan invastimanti hooldiingii doktar Biruuk Taayyee, komishinarri komishinii invastimantii doktar Zallaqaa Tamasgeen dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi abbootiin qabeenyaa agragamaniiru. Itiyoophiyaan biyya Afrikaa fi addunyaarraa biyya guddoo ta’uu eeraniiru ministirri muummee Maleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim. Nabiyyuu Mohaammad musliimota godaantota jalqabaa gara Itiyoophiyaatti ergan, hordoftoonni amantaa kirstaanaa mootiin Itiyoophiyaa yeroo sanaa kabajaan akka isaan simatan yaadachiisaniiru. Kunis biyyoonni lameen hariiroo obbolummaa kan qaban ta’uu kan ibsuu fi hariiroo seena qabeessa ta’uu ragaadha jedhan. Hariiroo Itiyoo-Maleezyiyaa cimsuun akka barbaachisus himaniiru. Ce’umsi dijitaalawaa, adeemsi ragaa qabachuu fi hubannoon namtolchee dhimmoota dinagdee saffisiisan ta’uu eeruun xiyyeeffannoon kennamuufii qaba jedhaniiru. Tasgabbiin nageenya siyaasaa Maleezyiyaa, Maastar Pilaanii Industirii irraa kaasee hanga Ce’umsa annisaa, Roadmappii hanga tarsiimoo jijjiirama dijitaalaa fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, gama al-ergiitiin biyya cimtuu akka taatu ibsaniiru. Hirmaannaan jila hawaasa daldalaa Maleezyiyaa, hariiroo dippilomaasii diinagdee keenya cimsuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Akkasumas tumsa biyyoota lameenii akka carraa guddaatti fayyadamuun, waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Simanna ho’aa magaalaa Finfinnee buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti isaaniif taasifames Itiyoophiyaan aadaa boonsaa qabaachuu fi keessummaa simachuuf qabdu galateeffataniiru.
Riijiniin Daldala Bilisaa Dorgommii Al-ergitootaa cimsa
Nov 19, 2025 53
Sadaasa10/2018(TOI)– Daldalli Ardii bilisaa riijinii bakka gahumsa gabaa midhaan dheedhii fi zayitaa bal’isuun dorgommii Al-ergitootaa cimsuuf dandeessisa jechuun pirezidaantiin waldaa Al-ergitoota midhaan dheedhii fi Zayitaa Itiyoophiyaa Obbo Ida’oo Abdii ibsan. Itiyoophiyaan hojiirra oolmaa walii galtee daldala bilisaa Ardii Afriikaa Fulbaana 29 bara 2018 omisha ishee gara biyyoota Afriikaa adda addaatti erguun ifatti eegaluun ni yaadatama. Itiyoophiyaan foon, kuduraa fi muduraa, buna, omisha midhaan dheedhii fi midhaan zayitaa kaargoo daandii qilleensa Itiyoophiyaan, Geejiba lafarraan Keeniyaa, Somaaliyaa fi Afriikaa kibbaatti erguu eegalteetti. pirezidaantiin waldaa Al-ergitoota midhaan dheedhii fi Zayitaa Itiyoophiyaa Obbo Ida’oo Abdii daldalli ardii bilisaa Afriikaa faayidaa damichaaf qabu ilaalchisuun TOI waliin turtii taassisaniiru Daldalli bilisaa Ardii Afrikaatti guddina daldalaa bal’aa akka uumu ibsuun, carraan kun keessumaa omishtoota midhaan dheedhii fi zayitaa omishasaanii filannoo foyya’aan gabaaf akka dhiheessa n gabaa haaraa fi bal’aa akka uumeef dubbataniiru. Walii galtichi biyyoota Afriikaa gidduutti qaraxa daldalaa kaa’amani fi taarifa suuta suuta hanbisuun midhaan dheedhii fi zayitaa daldala Al-ergiif dhihatan gabaa Afriikaan dorgomaa akka ta’an dandessisa jedhaiiru. Al-ergaan midhaan dheedhii fi zayitaa Obbo Daanyaachoo Asaffaa gamasaanii, walii galtichi bakkeewwan gahinsa gabaa haaraa babal’isuunii fi dorgommii dabaluun hangaa fi galii daldala AL-ergii Midhaan dheedhii fi Zayitaa guddisa jedhaniiru. Walii galtichi hojiirra ooluun daddabarsa daldala Afriikaa kan jijjiirudha kan jedhan immoo bakka bu’aa biyyoolessaa waldaa sanyii saliixii Naayijeeriyaa Iyyaasuu Yisihaaqidha.
Dhaabbileen Maleezyiyaa carraa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuuf haalli mijataan jira - Pirezidaanti Taayyee Asqasillaasee
Nov 19, 2025 65
Sadaasa 10/2018(TOI)-Dhaabbileen Maleezyiyaa carraa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuuf haalli mijataan jiraachuu Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaasee ibsan. Fooramiin Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaa magaalaa Finfinneetti jalqabameera. Fooramichi Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti kan gaggeeffame yoo ta’u, fooramii kanarratti Ministirri Muummee Maleeyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim, Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee fi qondaaltonni mootummaa olaanoo biroo, akkasumas abbootiin qabeenyaa argamaniiru. Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen akka jedhanitti, daawwannaan Ministira Muummee Maleezhiyaa, hariiroo daldalaa cimsuu fi hariiroo ummataa biyyoota lameenii guddisuuf kutannoo qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Daawwannaan Ministira Muummee Maleezyiyaa kuni hariiroo Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaa kan cimsu, duudhaalee waliin misoomuu kan tumsu carraa addaa ta’uu ibsaniiru. Hariiroon dippilomaasii biyyoota lameenii gidduu jiru kan eegale akka lakkoofsa warra faranjootaatti bara 1965 ta’uu eeruun pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen, hariiroon kunis daldalaa fi invastimantii cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan haaromsa diinagdee biyya keessaatiin sirna invastimantii teeknooloojii dijitaalaatiin deeggaramu hundeessuu ishee ibsaniiru. Damee qonnaanis wabii nyaataa mirkaneessuuf misooma sirriirra akka jirtu pirezidaanti Taayyeen ibsaniiru. Kanaafuu biyyoonni lameen qonnaan, horsiisa beeyladaan, albuudaa fi misoomawwan murteessoo ta’an biroo irratti waliin hojjechuun daldalaa fi invastimantii cimsuu barbaachisa jedhaniiru. Dhaabbileen Maleezyiyaa carraa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuudhaan misooma badhaadhinaa fi fayyadamummaa waliinii umuu irratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru. Maleezyiyaan hariiroo dippilomaasii irra darbee walta’iinsa daldalaa fi invastimantii babal’isuuf tattaaffii isheen taasisaa jirtu kan ajaa’ibsiifatamu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Maleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim tumsa hunda galeessa cimsuuf kutannoo agarsiisaniif galata guddaa dhiyeessaniiru.
Godina Gujiitti sadarkaan Manneen Barnootaa Idilee 184 fooya’eera
Nov 19, 2025 74
Sadaasa 10/2018(TOI)– Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Sadarkaan Manneen Barnootaa 184 fooyyessuun hojii baruu fi barsiisuu bu’aa qabeessa gochuun danda’amuu Waajjirri Barnootaa Godinichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godinichaa Obbo Saatanaa Roobee waggootan darban Manneen barnootaa hedduun Godinicha keessa jiran sadarkaa gadi ta’uunsaanii hojii baruu fi barsiisuuf gufuu ta’ee akka ture yaadataniiru. Rakkicha hirmaannaa hawasaan furuun sadarkaa manneen barnootaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aa taassifameen Sadarkaa Manneen Barnootaa 184 fooyyessuun danda’amuu dubbataniiru. Sadarkaa manneen barnootaa foyyeessuuf tattaaffii taasifamuun hawaasni deeggarsa humnaa, akaakuu fi maallaqaa birrii miiliyoona 29 fi kuma 859tti tilmaamamu taasisuu ibsaniiru. Kanaanis kutaan barnootaa idileen duraa 591 hojjetamuusaanii dubbataniiru. Manneen barnootaa hedduun Bishaan, ibsaa fi bu’uuraalee misoomaa biroon akka guutaman taasifamuu kan eeran hogganaan kun, teessoo fi minjaala dabalatee Meeshaalee deeggarsa Barnootaa biroon guutamanii hojiin baruu fi barsiisuu haala guutuu ta’een raawwatamaa jira jedhaniiru. Jiraataa Magaalaa Adoolaa Barsiisaa Dirribaa Hundeessaa, sadarkaa manneen Barnootaa fooyyessuun fedhii barnootaa dabaluuf qooda mataasaa qaba jedhaniiru. Tola ooltotaa fi hawaasa hirmaachisuun miidhaginni mooraa keessaa hojjetame hojii baruu fi barsiisuu cimsuun qulqullina barnootaa guddisuuf gargaaruusa kaasaniiru. Sadarkaa Manneen Barnootaa fooyyessuun Qulqullina Barnootaa eegsisuuf tattaaffii taasifamuuf murteessaa ta’uu kan dubbatan immoo Barsiiftuu Tsahaayi Guutaati. Ijaarsa daree barnootaarratti barsiisonni hawaasaa fi tola ooltota waliin ta’uun humnaa fi maallaqaan deeggarsa taassisuun hirmaachuusaanii dubbataniiru.
Siyaasa
Ministirri muummee Maaleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawattan
Nov 19, 2025 97
Sadaasa 10/2018(TOI)-Ministirri Maaleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawattaniiiru. Ministirri muummee Maaleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahim Yaadannoo Injifannoo Adwaa ibsituu aadaa boonsaa ummata gurraacha hundaa kan ta’e daawwachuu isaanii Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru. Turtii Ministirri Muummee Maaleeyhiyaa Finfinneetti taasisan bu’aa qabeessa akka ta’u aadde Adaanech Abeebeen hawwii isaanii ibsaniiru.
Pirojaktoonni misoomaa carraa guddina egeree Itiyoophiyaaf shoora olaanaa qabu
Nov 19, 2025 63
Sadaasa 10/2018(TOI)-Hoggantoonni paartilee siyaasaa walmorkattoonni turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisan akka jedhanitti, pirojektoonni misooma biyyoolessaa gurguddaan mootummaan labse abdii egeree Itiyoophiyaa fooyyessuu fi misooma hunda galeessa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Pirojektoonni misooma biyyoolessaa bal’aan Doolaara biiliyoona 30 muummichi ministiraa Dr. Abiy Ahimad Gubaa irratti ifoomsan, badhaadhina Itiyoophiyaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Pirojaktoonni muummichi ministiraa ifoomsan gurguddoon kunniin,xaa’oo biyyee, warshaa niwukilara gabbisuu, ijaarsa daandii qilleensaa guddicha Afrikaa, warshaa gaazii, warshaa boba’aa qulqulleessu, akkasumas ijaarsa manneen miliyoona tokkoo fi walakkaa ol ta’an ni argamu. Itti aanaan dura taa’aa Paartii Dimokraatawaa Hibiir Itiyoophiyaa obbo Abarraa Baqqalaa, lammiileen Itiyoophiyaa deeggarsa eenyuunuu osoo hin barbaadiin,ofii isaaniin pirojaktoota gurguddaa galmaan gahuu akka danda’an fakkeenya guddaan milkaa’uu Hidha Guddicha haaromsa Itiyoophiyaa ta’uu himaniiru. Pirojektoonni gurguddaan mootummaan hojjechaa jirus dandeettii Itiyoophiyaan kana gochuuf qabdu akka dabalu, akka paartiittis ni deeggarra jedhan. Paartii Dimokiraatawaa Boorootti itti gaafatamaan kutaa hariiroo alaa fi idil-addunyaa dooktar Mabraatuu Alamuu akka jedhanitti, fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf pirojektoonni mootummaan eegale misooma hundagaleessa kan mirkaneessanidha. Hogganaan olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Qajeelaa Mardaasaa gama isaaniin, piroojaktoonni misoomaa gurguddaa guutuu biyyattiitti hojjetamaa jiran uummanni fayyadamoo akka ta’an ibsuun hojiirra oolmaa isaaniis ni deeggarra jedhan. Itti aanaan dura taa’aa paartii dimookiraatawaa Hibiir Itiyoophiyaa obbo Abarraa Baqqalaa akka jedhanitti, piroojektoota kunneen dhugoomsuun abdii egeree Itiyoophiyaa ni fooyyessa jedhan. Paartii Dimokiraatawaa Hibiir Itiyoophiyaatti itti Gaafatamaan Kutaa Hariiroo Dhimma Alaa fi Idil Addunyaa kan ta’an dooktar Mabraatuu Alamuu akka jedhanitti, piroojaktoota misoomaa mootummaan hoojechiisaa jiru milkaa’inoota isaaniif paartileen morkattootaa gahee isaanii akka ba’ataniif hojmaanni bu’uura seeraa diriiruu qaba.
Galmeen kadhimamtoota paartiilee siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dorgomanii har’aa eegalee ni gaggeeffama
Nov 17, 2025 247
Sadaasa 8/2018(TOI)-Galmeen kadhimamtoota paartiilee siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dorgomanii har’aa eegalee akka gaggeeffamu boordiin filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa beeksise. Galmeen kaadhimaamtoota dhuunfaa yeroo itti eegalu fuulduratti akka ifoomu eerameera. Boordiin filannoo paartioilee siyaasaa filannoo walii galaaf dorgomaniif waamicha taasiseen kaadhimamtootasaanii siistama boordichi ibseen fayyadamuun akka galmeessisan waamicha dhiheessaniiru. Odeeffannoo barbaachisoo Galmicha raawwachuuf dandeessisan guutuun yeroo Sadaasa 8 hanga 23 bara 2018tti jiru gidduutti Waajjira Muummee Boordichaa fi ammaan dura paartichi bakka bu’aa/buutuu beeksisetii qaamaan dhihaachuun sanada akka dhiheessan hubachiiseera. Paartiileen siyaasaa unkawwan toora marsariitii https://nebe.org.et/en/node/725 argachuu akka danda’an eeraniiru. Paartiileen siyaasaa filannoo biyyoolessaa 6ffaarratti dorgoman mallattoowwan dorgommiif fayyadaman filannoo walii galaa 7ffaaf fayyadamuuf mirga dursaa akka qaban boordichi ibseera. Paartiileen siyaasaa ulaagaa seerasaa hordofee mallattoo dorgommii mataasaanii dhiheessuu akka dandaa’anii fi filannoo biroon boordichatti qaamaan dhihaachuun mallattoo dorgommii boordichi tarreesse dhiheessu keessaa filachuu akka danda’an hubachiisaniiru. Galmeen kaadhimamtoota dhunfaa appilikeeshinii boordichi dhihesseen akka raawwatuu fi yeroo eegalu ilaalchisuun boordichi gara fuuldutraatti akka ifoomsu beeksiseera.
Gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin yaalii taasisuus Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigray duraanii gufuu nutti ta’eera
Nov 17, 2025 192
Sadaasa 08/2018(TOI)-Gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin yaalii taasisuus Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigray duraanii gufuu nutti ta’eera jechuun jiraattonni Shiree Indasillaasee qe’ee isaaniirraa buqqaafaman dubbatan. Dhimma kana irratti kanaan dura ibsa kan kennan pirezdaantiin yeroo mootummaa naannoo Tigraay duraanii obbo Geetaachoo Raddaa, qaamoleen buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka hin deebineef haala jirutti fayyadamuuf hojjetan naannicha keessa akka jiran ibsuun isaanii ni yaadatama. Galaachaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Shiree Indasillasee buqqaatota waliin turtii taasiseen, Buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka hin deebineef danqaa guddaa kan itti ta’an hoggantoota ABUT duraanii ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Federaalaa akka qe’ee keenyatti deebinuuf irra deddeebiin yaalii taasisus akka hin milkoofneef hoggantoonni ABUT duraanii waan kuni akka hin milkoofne gochaa jiruu jedhan buqqaatonni yaada isaanii TOIf kennan. Sababa kanaanis waggoottaniif rakkoo adda addaaf saaxilamneerra jedhan. Waggoottan 5 dura, ijoolle isaanii 5 waliin Walqaayit irraa buqqaafamanii yeroo ammaa Shiree Indaasillaasee magaalaa Adii Kantiibaay mana barumsaa keessa buufatanii kan jiran obbo Anbassaa Barihee gara qe’ee keenyaatti deebina jennee waggootaaf abdii godhannee eegnus furmaata dhabne jechuun dubbataniiru. Dhimma kanarratti mootummaan Federaalaa ejjannoo cimaa qabatee hojjechaa jiraachuu beeknus garuu hoggantoonni ABUT duraanii akka nuti qe’ee keenyatti hin deebine gufuu nutti ta’aniiru jedhan. Haa ta’u malee nuti ammas abdii osoo hin kutiin eeggachaa jirra waan ta’eef mootummaan Fedraalaa gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf deeggarsa akka nuuf taasisu gaafanna jedhaniiru. Buqqaatota biroo yaada isaanii TOIf kennan keessaa aadde Li’iltii fi Obbo Habtoom Gabra Sillaaseen waggaa shaniif qe’ee ofiirraa buqqa’anii buufata tokko keessa jiraachuun hagam ulfaataa ta’uusaa eeruun, kanaan booda gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif deeggarsi barbaachisu akka taasifamuuf gaafataniiru. Muummeen Ministiraa Doktar Abiy Ahimad ibsa mana maree bakka bu'oota ummataaf kennan keessatti irra deddeebiin ummanni naannoo Tigraay nagaa fi misooma akka barbaadu eeruun, buqqaatonnis gara qe’ee isaaniitti deebi'uu akka qaban dubbachuun isaanii kan yaadatamudha.
Shoora Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinicharratti qabdu Awustiraaliyaan ni deeggarti- Ambaasaaddar Piiter Hanter
Nov 16, 2025 242
Sadaasa 7/2018(TOI)- Shoora guddaa Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinicharratti bahaa jirtu Awustiraaliyaan akka deeggartu Dr. ambaasaaddar Piiter Hanter ibsan. Awustiraaliyaan dameelee haaraan Itiyoophiyaa waliin tumsa taasisuuf fedhii qabdi jedhaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Awustiraaliyaa Dr. Piiter Hanter Gaanfi Afriikaa riijinii qormaanni wal xaxaan keessatti mul’atudha. Haala Kanaan Itiyoophiyaan gumaacha guddaan Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinichaatti taasisaa jirtu akka deeggartu dubbataniiru. Tumsi gam lame Awustiraaliyaa fi Itiyoophiyaa bal’achaa akka jiru ambaasaaddar Hanter dubbataniiru. Walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii, daldalaa, Invastimmantii fi barnoota akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Awustiraaliyaan mootummaa fi ummata Itiyoophiyaa waliin hariiroo gam lamee cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Riifoormii dinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu ambaasaaddarichi jajanii riifoormichi ofitti amanamummaa dureeyyii dabaluusaa fi carraalee haaraa uumuusaa ibsaniiru. Awustiraaliyaan tumsa damee turizimii, albuudaa fi qonnaan Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru. Jijjiiramuu Finfinnee akka dinqisiifatan kan dubbatan ambaasaaddarichi, kun ammo mallattoo guddina Itiyoophiyaati jedhaniiru. Dimmoota idil addunyaan wal qabatees Awustiraaliyaan waltajjiin hariiroo heddumminaa fooyyessi akka irratti taasifamu deeggarsa barbaachisaa akka taasiftuu fi Afriikaan shoorri addunyaa irratti murtee kennuu dandeessu guddachuu akka qabu dubbataniiru. Awustiraaliyaan nageenyaa fi misooma dabalatee tumsa Afriikaa waliin qabdu cimsuuf akka barbaaddu dabalanii dubbataniiru.
Raayyaan keenya garee shororkeessaa hojii baandaa raawwaturratti tarkaanfii fudhachuun nagaa cimsaa jira-Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa
Nov 15, 2025 324
Sadaasa 6/2018(TOI)- Raayyaan keenya garee shororkeessaa hojii baandaa raawwachaa jiru hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya fulla’aa cimsaa jiraachuu ajajaan olaanaa ajaja bahaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa ibsan. Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa, raawwii koorii goojjam kaabaa fi buchiinsa sab-lammii Awwiii dirqamarra jiruu daawwataniiru. Daawwannaan booda hooggantoota godinaa fi aanaa akkasumas hooggantoota biroo waliin mari’achuun achumaanis xumura leenjii kutaa waraanaa aanaa Achafar kaabaa magaalaa Liibanitti argamuun qajeelfama hojii fi bobbii taasisaniiru. Letenaal jeneraalli kun wayita kana dubbii dubbataniin, raayyaan ittisaa garee finxaalessaa ergamtoota diina Itiyoophiyaa ta’uun baandummaan hiriire hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya fulla’aa cimsaa jira jedhaniiru. Garee finxaalessaa bakkeewwan garagaraatti asii fi achi lowuun nama ukkaamsuun yakka saamichaa raawwatu raayyaan ummata waliin ta’uun hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru kaasanii, cimee akka itti fufus mirkaneessaniiru. Hooggansi, ummannii fihumni nageenyaa tumsaa hojii seera kabachiisuuf hojjetamaa jiru cimsanii akka itti fufan hubachiisaniiru. Itiyoophiyaa bakka hundatti nageenya cimsuu fi pirojektoota misoomaa eegalaman milkeessuun guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuun imaanaa fi itti gaafatama hunda keenyaa ta’uu qaba jedhaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa fakkeenya nageenyaa fi gootummaa ta’e kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf yoomiyyuu caalaa qophii olaanaadhaan kan argamu ta’uu Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa mirkaneessaniiru.
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu sabaa waan ta’eef milkaa’ina isaaf gahee mataa keenyaa ni baahanna- Hoggantoota paartilee siyaasaa
Nov 15, 2025 274
Sadaasa 06/2018(TOI)-Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu sabaa waan ta’eef milkaa’ina isaaf gahee mataa keenyaa ni bahanna jedhan hoggantoonni paartilee morkattoota siyaasaa. Dhimmi mirga abbummaa gaaffii Galaana Diimaa dhimma seeraa, seenaqabeessaa, teessuma lafaa fi diinagdee ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahmad ibsuun isaanii ni yaadatama. Hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattoota adda addaa dhimma kana irratti turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin dhimmi mirga abbummaa ulaa galaanaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi ajandaa waloo ummata Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti ejjannoo cimaa mootummaan qabu kan ajaa’isifatanii fi galateeffatan ta’uu hoggantoonni kunneen ibsuun, milkaa’ina isaaf hundi keenya shoora nurraa eegamu bahachuu qabnaa jedhaniiru. Hoggantoota paartilee siyaasaa morkattootaa keessaa dura taa'aan Sochii Bilisummaa ummata Beenishaangul Abdusalaam Shangeel akka jedhanitti, gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan dhiyeessite ulaagaa hundaan sirrii waan ta'eef deebii argachuu qaba jedhan. Kanaafuu paariin isaaniis gaaffiin mootummaan dhiyeesse sirrii ta’uusaa itti amanuun milkaa’ina isaafis kutannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Dantaa biyyaalessaaf paartiin siyaasaa kamiyyuu waliin dhaabbachuu qaba jennee amanna jedhaniiru dura taa’aan kuni. Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa akka deebii argatuuf harka walqabannee onnee tokkoon ni hojjennaa jedhaniiru. Paartichis gama isaatiin gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa deebii akka argatuuf hawaasaaf hubannoon uumuun cimee akka hojjetu eeraniiru. Pireezidaantiin Paartii Dimokraatawaa Moochaa Alamaayyoo Shaaroo gama isaaniitiin, dhimmi mirga abbummaa ulaa galaanaa yeroo ammaa ifatti kaasuun sirrii fi waktaawaa waan ta’eef kan deeggaramuu qabudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan misoomuuf, guddachuu fi diinagdee ishee gabaa alaa fi keessaaf dhiyeessuuf ulaan galaanaa ishee barbaachisa waan ta’eef nutis kuni akka milkaa’uuf gahee nurraa eegamu ni bahanna jedhaniiru obbo Alamaayyoon. Gaaffii mirga abbummaa karra galaanaa Itiyoophiyaan karaa nagaa fi dippiloomaasii ta’een gaafachaa jirtu akka milkaa’uuf hundi keenya waloon deeggaruu qabnaa dhaamaniiru. Dhimmi mirga abbummaa karra galaanaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhaloota itti fufsiisuu waan ta’eef milkaa’ina isaaf waan barbaachisu hunda ni hojjenna kan jedhan immoo Pirezidaantii Paartii Sochii Dimokiraatawaa Ummata Kuush obbo Maan’aayitoot Bayyanaadha. Paartiin isaanii gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu sirrii fi haqa qabeessa ta’uu eeruun, dhimma barbaachisaa kana irratti paartileen siyaasaa tokkummaa fi waloon dhaabbachuun hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Waggoottan Jijiiramaa Darban Milkaa’inoonni Abdachiisoon Magaalotatti Galmaa’aniiru
Nov 15, 2025 168
Sadaasa 6/2018(TOI)-Waggoottan jijiiramaa darban milkaa’inoonni Abdachiisoon magaalotatti galmaa’uusaanii Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah ibsan. Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan mataduree “Guddinani Magaalotaa ga’ooma Itiyoophiyaaf” jedhun Naannoo Affaar Magaalaa Samara Loogiyaatti gaggeeffamuu eegaleera. Saganticharrtti Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan giddu gala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah, Bulchaa Naannoo Affaar Awwal Arbaa, Itti Aantuu Afa Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Zahiiraa Humadi, Ministira Magaalaa fi bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii fi Qondaaltonni Mootummaa Olaanoon biroon argamaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan giddu gala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah wayita kana akka jedhanitti, fooramichi galma misoomaa fi mul’ata akka biyyaatti qabamerratti walii galteen waloo kan itti uumamudha. Itiyoophiyaan biyyoota guddina ariifachiisaarra jiran keessaaa tokko ta’uushee ibsuun, waggoottan jijiiramaa darban milkaa’inoonni gurguddoon magaalotatti abdiin ifaa horan galmaa’aniiru jedhaniiru. Yaada Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad maddisiisaniin kan eegalame Misoomni Koriidaraa Magaalota Jiraattotaaf Mijattuu gochuu dubbataniiru. Hojiiwwan Misooma Koriidaraan Hojjetaman Afriikaaf fakkeenyummaan kan eeraman ta’uusaanii kaasuun, milkaa’inoonni galmaa’an akkuma eegaman ta’uun hojiiwwan hafan biroon hojjetamuu qabu jedhaniiru. Kallattiiwwan Xiyyeeffannoo fuulduraa mootummaatiin kaa’aman hojiirra oolchuun milkaa’ina caaluuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hawaasummaa
Godina Gujiitti sadarkaan Manneen Barnootaa Idilee 184 fooya’eera
Nov 19, 2025 74
Sadaasa 10/2018(TOI)– Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Sadarkaan Manneen Barnootaa 184 fooyyessuun hojii baruu fi barsiisuu bu’aa qabeessa gochuun danda’amuu Waajjirri Barnootaa Godinichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godinichaa Obbo Saatanaa Roobee waggootan darban Manneen barnootaa hedduun Godinicha keessa jiran sadarkaa gadi ta’uunsaanii hojii baruu fi barsiisuuf gufuu ta’ee akka ture yaadataniiru. Rakkicha hirmaannaa hawasaan furuun sadarkaa manneen barnootaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aa taassifameen Sadarkaa Manneen Barnootaa 184 fooyyessuun danda’amuu dubbataniiru. Sadarkaa manneen barnootaa foyyeessuuf tattaaffii taasifamuun hawaasni deeggarsa humnaa, akaakuu fi maallaqaa birrii miiliyoona 29 fi kuma 859tti tilmaamamu taasisuu ibsaniiru. Kanaanis kutaan barnootaa idileen duraa 591 hojjetamuusaanii dubbataniiru. Manneen barnootaa hedduun Bishaan, ibsaa fi bu’uuraalee misoomaa biroon akka guutaman taasifamuu kan eeran hogganaan kun, teessoo fi minjaala dabalatee Meeshaalee deeggarsa Barnootaa biroon guutamanii hojiin baruu fi barsiisuu haala guutuu ta’een raawwatamaa jira jedhaniiru. Jiraataa Magaalaa Adoolaa Barsiisaa Dirribaa Hundeessaa, sadarkaa manneen Barnootaa fooyyessuun fedhii barnootaa dabaluuf qooda mataasaa qaba jedhaniiru. Tola ooltotaa fi hawaasa hirmaachisuun miidhaginni mooraa keessaa hojjetame hojii baruu fi barsiisuu cimsuun qulqullina barnootaa guddisuuf gargaaruusa kaasaniiru. Sadarkaa Manneen Barnootaa fooyyessuun Qulqullina Barnootaa eegsisuuf tattaaffii taasifamuuf murteessaa ta’uu kan dubbatan immoo Barsiiftuu Tsahaayi Guutaati. Ijaarsa daree barnootaarratti barsiisonni hawaasaa fi tola ooltota waliin ta’uun humnaa fi maallaqaan deeggarsa taassisuun hirmaachuusaanii dubbataniiru.
Naannichatti tamsa’ina bookee busaa to’achuuf hojiiwwan hojjetaman cimanii itti fufa
Nov 19, 2025 42
Sadaasa 10/2018(TOI)–Naannoo Oromiyaatti tamsa’ina bookee busaa ittisuu fi to’achuuf hojiiwwan hojjetaman cimanii itti fufuusaanii Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise. Itti aanaan Biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa TOI’f akka ibsanitti, naannichatti dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taane to’achuu fi ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Keessumaa tamsa’ina dhibee busaa to’achuuf kallattiin xiyyeeffannookaa’amee qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Keessummaa Godinaalee wallagga bahaa fi lixaatti, Horroo guduruu, Qeellam wallaggaa, Beddellee, Iluu Abbaa Booraa fi Godina Jimmaa dabalatee tamsa’inni bakkeewwan hedduuminaan keesstti mul’atutti hojiin ittisaa cimee itti fufa. Bara baajatichaa baatiwwan afran rabsa keemikaalaa manaa manatti, bakka kuufama bishaanii yaasuu fi boolla duuchuun hirmaannaa hawaasaan hojjetamaa turuu dubbataniiru. Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu fi itti fayyadama Agoboraarratti barnoota hubannaa hawaasaa guddisu kennamuu ibsuun, agobora siree miiliyoona 2 tuqaa 1 ol uummataaf rabsamuu dubbataniiru. Akkasumas aanaawwan 15 tamsa’inni bookee busaa itti argame manaa manatti keemikaala biifuu haala addaan hojjetamaa turuu ibsaniiru. Walii gala hojiiwwan manaa manatti keemikaala biifuu olitti tola ooltotaa fi hawaasa hirmaachisuun bara kana bu’aan fooya’an argamuu dubbataniiru. Tamsa’ina dhukkubichaa itti fufinsaan to’achuuf qooda fudhattoota waliin tumsi eegalame cimee kan ittifufu ta’uu dubbataniiru.
Ayyaanichi taateewwan tokkummaa sabdaneessummaa fi walitti hidhaminsa caalaatti haala cimsaniin kabajama- mana Maricha
Nov 19, 2025 37
Sadaasa10/2018(TOI)– Guyyaan Ayyaana Saboota,sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Naannoo Giddugala Itiyoophiyaatti kabajamu tokkummaa sab-daneessummaa biyyoolessaa fi walitti hidhaminsa caalaatti haala cimsuun taateewwan adda addaan akka kabajamu Manni Maree Sabootaa Naanichaa beeksise. Afayaa’ii Naannoo Giddugala Itiyoophiyaa Abuto Anito TOI’f akka ibsanitti, guyyaan Ayyaana Saboota, Sab-lammootaa fi uummattootaa tokkummaa sabdaneessummaa fi walitti hidhaminsa cimsuuf haala mijataa uumeera. Sabni tokko aadaa, seenaa fi Afaan kanneen biroo akka baru muxannoo wal-jijiirraan akka dagaaguuf Ayyaanichi Kabajamuun qooda olaanaa akka qabu kaasaniiru. Hirmaattonni ayyanichaa biyyoota adda addaarraa dhufan simannaa keessummaa aadaa uummata naannichaa akka keessummeessuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Ayyaanichi taateewwan adda addaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsaniin akka kabaju beeksisaniiru. Afa-Yaa’iin Mana Maree Godina Hadiyaa Iteenash Mulgeetaa gamasaaniin, Godinichatti Magaalaa Hosaa’inaatti kan kabajamu guyyaan sabootaa sab-lammootaa fi uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan obbolummaa fi duudhaa cimsuuf qooda olaanaa akka gumaachu ibsaniiru. Ayyaanichi duudhaa waloomaa itti fufinsaan cimsuurratti qooda qabu bu’uura godhachuun caasaawwan Godinichaa hundtti akka kabajamuuf Koreen dhaabbatee gara hojiitti galamuu eeraniiru. Jiraattota Magaala Hosaa’inaa keessaa dargaggoo Tamasgeen Taammiree yaada kenneen, Ayyaanni Sabootaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa duudhaa waloomaa cimsuuf akka gargaaru dubbateera. Keessummoota Ayyaanicha kabajuuf dhufan kabajaan simatanii keessummeessuuf qoodasaanii akka bahu ibseera. Guyyaan Ayyaana Saboota, Sab-Lammootaa fi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan bara kana sadarkaa biyyoolessaatti Naannoo Gidduugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu ni beekama.
Karaa vaayirasiin Marbargi itti darbuu fi tooftaa Ittisa isaa
Nov 19, 2025 52
• Dhibeen vaayirasii Maarbargi maalidha? • Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhibee weeraraan mudachuu danda’uu fi dhibee dhiigni dhangala’uun mudatu ta’ee qamni baay’ee ho’udha. • Namaa fi beeyladootaa biroorrattis mudachuu mala • Mallattooleen dhibee vaayirasii Maarbargi maali? • Afaan, funyaan ykn gogaa keessaa dhiigni dhangala’uu • Ho’ina qaamaa olaanaa, qorrisiisuu fi mataa boowwuu • Dhukkubbii maashaalee fi dugdaa • Olguuruu, dhukkubbii garaa fi garaa kaasaa • Laphee, dugdaa fi garaa irratti dhidhiitoo mul’atu • Vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota 2 hanga 9 gidduutti mallattooleen dhibichaa mul’achuu eegalu • Dhibeen Maarbargi karaa akkamiin daddarba? • Namoota dhibee vaayirasichaan qabaman dhiiga, fincaan,imimmaanii fi dhangala’oo biroo wal tuttuqqaa kallattii taasisuun • Nama dhibee kanaan qabamee ykn lubbuun darbe dhangala’oo qaamaan meeshaalee faalaman waliin tuttuqqaa qabaachuu • Simbira halkanii dhibee vaayirasichaan qabamaniin daddarbuu danda’a • Dhibee vaayirasii Maarbargi akkamiin ittisuun danda’ama? • Mallattoolee dhibee kanaa yeroo argan mana yaalaa deemuu • Nama dhibee sanaan qabame waliin tuttuqqaa fi ho’i qaamaa yoo jiraate dafanii mana yaalaa dhaquu • Namni dhibee Maarbargiin yoo lubbuun darbe, reeffa sana ogeessa fayyaan awwaalchisuudha malee ofii tuttuquun barbaachisaa miti • Nama dhibee sanaan qabame dhiigaa fi dhangala’oo isaa irraa of eeguu • Nama dhukkuba Maarbargiin qabameef kunuunsa gaafa goonu, of eeggannoo barbaachisu gochuun barbaachisaadha. Haguuggii funyaaniifi afaanii ykn maaskii kaawwachuu, harka ofiitti immoo golga harkaa godhachuun barbaachisaadha.
Diinagdee
Itiyoophiyaan qabeenya dilbii qabdutti fayyadamuun, daandii guddina dinagdee ariifataa irra jirti
Nov 19, 2025 69
Sadaasa 10/2018(TOI)-Itiyoophiyaan waggoottan 6 kessatti qabeenya dilbii qabdutti fayyadamuun, daandii guddina dinagdee ariifataa irra jirti jechuun ibsan ministirri muummee Maleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim. Fooramiin dinagdee olaanaa Itiyoophiyaa fi Maleeyhiyaa magaalaa Finfinneetti banameera. Fooramichi Giddu gala konveenshinii Addis intarnashinaaliitti gaggeefamaa kan jiru yoo ta’u, fooramicha irrattis pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee,ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee, De’eetaan ministira dhimma alaa Itiyoophiyaa ambaassaaddar Biraanuu Tsaggaayee, hojii raawwachiisaa olaanaan invastimanti hooldiingii doktar Biruuk Taayyee, komishinarri komishinii invastimantii doktar Zallaqaa Tamasgeen dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi abbootiin qabeenyaa agragamaniiru. Itiyoophiyaan biyya Afrikaa fi addunyaarraa biyya guddoo ta’uu eeraniiru ministirri muummee Maleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim. Nabiyyuu Mohaammad musliimota godaantota jalqabaa gara Itiyoophiyaatti ergan, hordoftoonni amantaa kirstaanaa mootiin Itiyoophiyaa yeroo sanaa kabajaan akka isaan simatan yaadachiisaniiru. Kunis biyyoonni lameen hariiroo obbolummaa kan qaban ta’uu kan ibsuu fi hariiroo seena qabeessa ta’uu ragaadha jedhan. Hariiroo Itiyoo-Maleezyiyaa cimsuun akka barbaachisus himaniiru. Ce’umsi dijitaalawaa, adeemsi ragaa qabachuu fi hubannoon namtolchee dhimmoota dinagdee saffisiisan ta’uu eeruun xiyyeeffannoon kennamuufii qaba jedhaniiru. Tasgabbiin nageenya siyaasaa Maleezyiyaa, Maastar Pilaanii Industirii irraa kaasee hanga Ce’umsa annisaa, Roadmappii hanga tarsiimoo jijjiirama dijitaalaa fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, gama al-ergiitiin biyya cimtuu akka taatu ibsaniiru. Hirmaannaan jila hawaasa daldalaa Maleezyiyaa, hariiroo dippilomaasii diinagdee keenya cimsuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Akkasumas tumsa biyyoota lameenii akka carraa guddaatti fayyadamuun, waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Simanna ho’aa magaalaa Finfinnee buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti isaaniif taasifames Itiyoophiyaan aadaa boonsaa qabaachuu fi keessummaa simachuuf qabdu galateeffataniiru.
Riijiniin Daldala Bilisaa Dorgommii Al-ergitootaa cimsa
Nov 19, 2025 53
Sadaasa10/2018(TOI)– Daldalli Ardii bilisaa riijinii bakka gahumsa gabaa midhaan dheedhii fi zayitaa bal’isuun dorgommii Al-ergitootaa cimsuuf dandeessisa jechuun pirezidaantiin waldaa Al-ergitoota midhaan dheedhii fi Zayitaa Itiyoophiyaa Obbo Ida’oo Abdii ibsan. Itiyoophiyaan hojiirra oolmaa walii galtee daldala bilisaa Ardii Afriikaa Fulbaana 29 bara 2018 omisha ishee gara biyyoota Afriikaa adda addaatti erguun ifatti eegaluun ni yaadatama. Itiyoophiyaan foon, kuduraa fi muduraa, buna, omisha midhaan dheedhii fi midhaan zayitaa kaargoo daandii qilleensa Itiyoophiyaan, Geejiba lafarraan Keeniyaa, Somaaliyaa fi Afriikaa kibbaatti erguu eegalteetti. pirezidaantiin waldaa Al-ergitoota midhaan dheedhii fi Zayitaa Itiyoophiyaa Obbo Ida’oo Abdii daldalli ardii bilisaa Afriikaa faayidaa damichaaf qabu ilaalchisuun TOI waliin turtii taassisaniiru Daldalli bilisaa Ardii Afrikaatti guddina daldalaa bal’aa akka uumu ibsuun, carraan kun keessumaa omishtoota midhaan dheedhii fi zayitaa omishasaanii filannoo foyya’aan gabaaf akka dhiheessa n gabaa haaraa fi bal’aa akka uumeef dubbataniiru. Walii galtichi biyyoota Afriikaa gidduutti qaraxa daldalaa kaa’amani fi taarifa suuta suuta hanbisuun midhaan dheedhii fi zayitaa daldala Al-ergiif dhihatan gabaa Afriikaan dorgomaa akka ta’an dandessisa jedhaiiru. Al-ergaan midhaan dheedhii fi zayitaa Obbo Daanyaachoo Asaffaa gamasaanii, walii galtichi bakkeewwan gahinsa gabaa haaraa babal’isuunii fi dorgommii dabaluun hangaa fi galii daldala AL-ergii Midhaan dheedhii fi Zayitaa guddisa jedhaniiru. Walii galtichi hojiirra ooluun daddabarsa daldala Afriikaa kan jijjiirudha kan jedhan immoo bakka bu’aa biyyoolessaa waldaa sanyii saliixii Naayijeeriyaa Iyyaasuu Yisihaaqidha.
Dhaabbileen Maleezyiyaa carraa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuuf haalli mijataan jira - Pirezidaanti Taayyee Asqasillaasee
Nov 19, 2025 65
Sadaasa 10/2018(TOI)-Dhaabbileen Maleezyiyaa carraa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuuf haalli mijataan jiraachuu Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaasee ibsan. Fooramiin Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaa magaalaa Finfinneetti jalqabameera. Fooramichi Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti kan gaggeeffame yoo ta’u, fooramii kanarratti Ministirri Muummee Maleeyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim, Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee fi qondaaltonni mootummaa olaanoo biroo, akkasumas abbootiin qabeenyaa argamaniiru. Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen akka jedhanitti, daawwannaan Ministira Muummee Maleezhiyaa, hariiroo daldalaa cimsuu fi hariiroo ummataa biyyoota lameenii guddisuuf kutannoo qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Daawwannaan Ministira Muummee Maleezyiyaa kuni hariiroo Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaa kan cimsu, duudhaalee waliin misoomuu kan tumsu carraa addaa ta’uu ibsaniiru. Hariiroon dippilomaasii biyyoota lameenii gidduu jiru kan eegale akka lakkoofsa warra faranjootaatti bara 1965 ta’uu eeruun pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen, hariiroon kunis daldalaa fi invastimantii cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan haaromsa diinagdee biyya keessaatiin sirna invastimantii teeknooloojii dijitaalaatiin deeggaramu hundeessuu ishee ibsaniiru. Damee qonnaanis wabii nyaataa mirkaneessuuf misooma sirriirra akka jirtu pirezidaanti Taayyeen ibsaniiru. Kanaafuu biyyoonni lameen qonnaan, horsiisa beeyladaan, albuudaa fi misoomawwan murteessoo ta’an biroo irratti waliin hojjechuun daldalaa fi invastimantii cimsuu barbaachisa jedhaniiru. Dhaabbileen Maleezyiyaa carraa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuudhaan misooma badhaadhinaa fi fayyadamummaa waliinii umuu irratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru. Maleezyiyaan hariiroo dippilomaasii irra darbee walta’iinsa daldalaa fi invastimantii babal’isuuf tattaaffii isheen taasisaa jirtu kan ajaa’ibsiifatamu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Maleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim tumsa hunda galeessa cimsuuf kutannoo agarsiisaniif galata guddaa dhiyeessaniiru.
Imala Itiyoophiyaan gara Badhaadhinaatti taasiftu saffisiisuu keessatti magaalonni shoora olaanaa qabu-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 19, 2025 61
Sadaasa 10/2018(TOI)- Imala Itiyoophiyaan gara Badhaadhinaatti taasiftu saffisiisuu keessatti magaalonni shoora olaanaa qabaachuu itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Fooramiin magaalotaa 10ffaan naannoo Affaar magaalaa Samaraa-Loogiyaatti gaggeeffamaa ture har’a goolabameera. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, ergaa fuula miidiyaa hawaasumaa isaaniiniin dabarsaniin, Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa imala Itiyoophiyaan gara Badhaadhinaatti taasiftu saffisiisuun misoomaa fi abdii guddina egeree Itiyoophiyaa ifatti kan mul’ise ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Ida’amuu, magaalota keenya bu’uura qaroomina Itiyoophiyaa ta’an akka mallattoo fi wiirtuu badhaadhinaatti akka ilaalu dubbataniiru. Magaalonni akka wiirtuu badhaadhinaatti industiriiwwan hedduuf ka’umsa akka ta’an ibsuun, agarsiiftuun badhaadhinaa isaaniis imala misoomaa bal’aa biyya keenyaa fi hojii ammayyeessuun gara baadiyyaatti babal’isuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru. Sochiin imala badhaadhina magaalota mijeessuuf taasifamaa jiru, magaalaa guddoo Finfinneetti eegalame amma magaalota baadiyyaa xixiqqaa dhaqqabaa akka jiru hubachiisaniiru. Kaayyoon koriidara baadiyyaa inni ijoon, baadiyyaa bulchiinsaan fi bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojjetaamaa jiraachuu ibsaniiru. Gara fuula duraatti, filmaatawwan adda addaatiin hanqina mana jireenyaa magaalota keessatti mul’atu hir’isuuf hojiileen garagaraa ni hojjetamu; qulqullina naannoo fi misooma magariisaa aadaa ummataa taasisuu; amantaa, aadaa fi seenaa keenya gara qabeenya turizimiitti jijjiiruu, dargaggoota beekumsaa fi ogummaan gahoomsuuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu eeraniiru. Milkaa’ina Fooramichaaf qaamolee gumaacha taasisan, keessattuu Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa, ummataa fi bulchiinsa naannoo Affaarii fi Ummata magaalaa Samaraa-Loogiyaaf galata guddaan qaba jechuun itti aanaan ministira muummee ergaa isaaniin ibsaniiru. Ummataa fi bulchiinsa Naannoo Affaarii fi Magaalaa Samaaraa-Loogiyaa ammas irra deebiin galateeffachuun barbaada jedhaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Oromiyaatti tajaajila fayyaa Dijiitaalaa babal’isuuf hojjetamaa jira – Biiricha
Nov 18, 2025 127
Sadaasa 9/2018(TOI)– Naannoo Oromiyaatti tajaajila fayyaa Dijiitaalaa dhaabbilee Wal’aansaa hundatti bal’isuun wal’aansa si’ataa dhaqqabamaa taassisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise. Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaan ifatti akka taa’etti tajaajilawwan mootummaa ammayyeessuun dijiitaala fayyaa dabalatee dameelee hedduu babal’isuun hojii tokkodha. Tajaajila Damee fayyaa dijiitalaayizii gochuuf siistemoota misoomsuu, bu’uuraalee misoomaa odeeffannoo teekinooloojii (ICT) diriirsuu, bulchiinsa Dijiitaalaa dhugoomsuu, akkasumas sirna hoj-maataa qopheessuun sadarkaa biyyoolessaatti hojiirra oolchuun hojiiwwan gurguddoodha. Itti Aanaann hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kibabaaw TOI’f akka ibsanitti, sirni dijiitaala fayyaa tajaajila fayyaa si’ataa, qulquullinasaa kan eeggatee fi Amansiisaa gochuu dandeessisa. Kun akka dhugoomu hospitaalota naannichaa filataman keessatti tajajila dijiitaalaa fayyaa waraqaarraa bilisa ta’e sadarkaa payileetiitti hojiirra oolee bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Kunis kenna tajaajila fayyaa ifa, dhaqqabamaa, ariifataa gochuu fi imala dijiitaalaayizeeshinii akka biyyaatti eegalameef boqonnaa guddaa banaa akka jiru dubbataniiru. Yeroo ammaa Hospitalota Naaannicha keessa jiran hundatti, sadarkaa buuftaa fi keellaa fayyaatti, babl’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii gaggeessan hospitaala waliigalaa Bishooftuu Dr.Taaddasaa Gonfaa gamasaaniin, hospitaalichi dhukkubsattoota miliyoona 3’f tajaajila kennaa jiraachuu ibsuun, tajaajilawwan wal’aansa gosa hundaa guutummaa guutuutti dijitaalayizii gooneerra jedhaniiru. Kunis deddebbii yaalamtootaa hir’isuun tajaajilamtoonni salphaatti ogeessotasaanii waliin akka wal hubatan gochuun tajaajila ariifataa akka argatan taassiseera jedhaniiru. Tajaajilli Dijiitaala Fayyaaa hojiirra ooluuun wal’aanamtootaaf tajaajilli qulqullina qabu akka kennamu taasisuurra darbee deddeebbii Yaalamtootaa hir’iseera kan jedhan immoo hojii gaggeessa walii galaa hospitaala Gindhiir Nuur Zalaami dha. Dijiitaalli fayyaa hojiimaata dameelee adda duree jijiiramaa Ammayyaa’aa fayyaa fidaa jiran keessatti kan eeraman ta’uu hubachiisaniiru. Yeroo ammaa tajaajilamtoota miiliyoona lama ta’aniif tajaajila kennaa jiraachuu dubbachuun sirna dijiitaala fayyaa diriirfamuun tajaajilichi si’ataa fi bu’aa qabeessa taasiseera jedhaniiru.
Riifoormichi magaalonni maddeen teekinooloojii ta’uusaanii qabatamaan kan itti mul’atedha
Nov 17, 2025 76
Sadaasa 08/2018(TOI)-Agarsiisni Fooramii Magaalota 10ffaan mootummaa ida’amuu keessatti gaggeeffame magaalonni madda beekumsa teeknooloojii ta’uu qabatamaan kan agarsiise ta’uu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura misoomaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru. Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti mata duree "Guddinni Magaalotaa Olaantummaa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffamaa jira. Hogganaan Giddugala sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti Qindeessaan qindeessa Ijaarsa sirna Dimokiraasii fi itti aanaa pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faraah agarsiisa Fooramii Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa eegalchiisuun isaanii ni yaadatama. Ministirri Magaalaa fi Bu'uura misoomaa Caaltuu Saanii agarsiisa qophaa'e daawwataniiru. Dawwannaa isaaniin walqabatee turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka himanitti, fooramichi guddina magaalotaaf shoora olaanaa qaba. Hawaasni magaalota adda addaa keessa jiraatus bakkatti muuxannoo wal jijjiiran ta’uu eeraniiru. Agarsiifni kuni bakkatti magaalonni walbaraniin dabalatatti, hojiileen kalaqaa bakkatti muuxannoon waljijjiiramu ta’uu eeraniiru. Mootummaa ida’amuu keessa magaalaaleen bakka beekumsi teeknooloojii itti maddu ta’uun qabatamaan kan itti mul’ate ta’uu beeksisaniiru.
Gahumsaa fi dandeettii Itiyoophiyaa Inistitiyutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaarraa Argeera–Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Nov 17, 2025 75
Sadaasa 8/2018(TOI) –Humna Raawwachuu fi gahumsa Itiyoophiyaa Inistitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaarraa argeera jechuun Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Waajjirri Olaanaan inistiitiyuutii hubannoo namtolchee bakka duraan ture jijiiruun gamoo Birodcaastii Korporeeshinii Itiyoophiyaa duriitti yeroo darbe Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ergaa dabarsaniiru. Ergaasaaniin,waliigala guyyaa hara’aa waan arge namni mul’ata ifa yoo qabaate, naamusa olaanaan kan hojjetu yoo ta’e , waan tokko akka yaadetti milkeessuu akka danda’u argeera jedhaniiru. Wanti rawwatamaa jiru hundi Itiyoophiyaanotaan ta’uunsaa Itiyoophiyaan biyya humna raawwachuu danda’u qabaachuushee argeera jedhaniiru. Gamoo fi bakka qabnu nuuf ta’a jennee yaannee yoo hojjenne baay’ee kan miidhagan ta’uu akka danda’an argeera jedhaniiru. Inistitiyutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa sadarkaa dhaabbataatti kan eegalchiisne Naannoo Waggaa shaniit kan jedhan Ministirri Muummee, yeroo ammaa hojiin ijaarsa dhaabbataa baay’ee kan dinqisiifatamu ta’uu dubbataniiru. Mul’annii fi naamusni yeroo wal-argatu maal uumuun akka danda’amu dhaabbanni kun agarsiistuu ta’uu ibsaniiru. Hubannoo namtolcheen bakka hojiitti qofaa hanga ammaatti yoo fudhatame Itiyoophiyaaf agarsiistuu, ilaalcha haaraa, yaadama haaraa, kan ibsuu fi argisiisu, hojiif baay’ee kan mijate dhaabbataa fi bakka dargaggoon yeroo dheeraa hojjechuu kan danda’an ta’eera jechuun ibsaniiru. Waggaa Shanan har’aa yaada Artiifishaal intelejensii jedhu yeroo yaadnu dhaabbanni haa uumamu yeroo jedhamu nu keessaa yaanni kun kan hin liqimfamneef hedduu ture. Haata’u malee hubannoon namtolcheen dhalli namaa haala itti yaadu, kan itti xiinxalu, filannoowwan, daandii itti argu bocaa dhufeera jechuun ibsaniiru
Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob (Koraa)naannoo Affaar hojii eegale
Nov 17, 2025 73
Sadaasa 8/2018(TOI)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob (Koraa)naannoo Affaar hojii eegaleera. Bulchaan naannoo Affaar Awwal Arbaa tajaajila wiirtuu tokkoo (Koraa) naannichaa eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Bulchaa naannoo Affaar Awwal Arbaa dabalatee ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii, komishinariin komishinii Siviil Sarviisii Dr. Makuriyaa Hayilee akkasumas hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannichaa biroon saganticharratti argamaniiru. Kenniinsi tajaajila wiirtuu tokkoo Masoon wiirtuu hawaasni karaa dijitaalaa salphaatti tajaajila itti argatudha.
Ispoortii
Piriimer Liigii Dubartootaan magaalaan Dirree Dawaa Buna Sidaamaa mo’ate
Nov 19, 2025 62
Sadaasa 10/2018 (TOI)- Sagantaa torbee toorbaffa Piriimer Liigii Dubartootaan Itiyoophiyaatiin magaalaan Dirree Dawaa 1 fi 0’n Buna Sidaamaa mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen galchii mo’annaa kana Sarkaaddis Guutaa daqiiqaa 15ffaarratti galchiteetti. Magaalaan Dirree Dawaa liigichaan injifannoo lammaffaa galmeessuun qabxii jahaan sadarkaasaa 13ffaarraa gara saglaffaatti guddifachuun sadarkaa gadi bu’aa keessaa baheera. Gama biraan bara dorgommichaan yeroo sadiif kan mo’ame Bunni Sidaamaa taphni isa hafu osoo jiruu qabxii sagaliin sadarkaa jahaffaarra jira. Tapha turban toorbaffaa kan jalqabaa har’a gaggeeffameen kutaan magaalaa Boolee 1 fi 0’n Machaaliin mo’ateera.
Gulaallii zoonii Seekaafaatiin Itiyoophiyaan Sudaan Kibbaa 4 fi 1n injifatte
Nov 18, 2025 131
Sadaasa 09/2018(TOI)-Tapha gulaallii Waancaa Biyyoota Bahaa fi Giddugaleessaa Afrikaan Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Umurii 17 gadii gita isaa Sudaan Kibbaa galchii 4 fi 1’n injifate. Wal morkii Istadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti adeemsifameen Daawiit Kaasahuun galchiiwwan sadanuu galchuun hattirikii hojjeteera. Daawit Kaasahuun daqiiqaa 11ffaa, 16ffaa fi 53ffarratti galchiiwwan 3 Itiyoophiyaaf lakkoofsiseera. Taphataa Inniyoo Silashiin galchii 1 Itiyoophiyaaf lakkoofsiseera. Bu'aa kana hordofuun Itiyoophiyaan qabxii ishee gara 6tti guddifachuun dursa garee qabattee jirti. Gareen kun tapha itti aanu Jimaata Sadaasa 12/2018 Somaaliyaa waliin ni taphata. Sudaan Kibbaa qabxii tokkoon sadarkaa 5ffaa irra jirti. Taphataan sarara fuulduraa Dawit Kasahuun dorgommii kana irratti lakkoofsi goolii galche gara afuriitti ol guddisee amma goolii galchuudhaan sadarkaa olaanaa qabateera. Tapha biraa garee Tokkoffaan Somaaliyaan Keeniyaa waliin sa'aatii 10:00 irratti Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti taphatu. Paanoom Juuwoon galchii tokko Sudaan Kibbaaf rukuttaa addabiin galcheera. Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Umurii 17 gadii Sanbata darbe gita isaanii Ruwaandaa galchii 2 fi 0'n injifachuun kan yaadatamuudha. Itiyoophiyaan ramaddii ‘A’ jalatti biyyoota akka; Soomaaliyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa Waliin ramadamte.
Dursaan liigichaa humni Ibsaa Itiyoophiyaa tapha magaalaa Hawaasaa waliin taassisu ni eegama
Nov 14, 2025 141
Sadaasa5/2018(TOI)-piriimer liigii dubartoota Itiyoophiyaatti sagantaa torban 6ffaan taphoonni lama Isataadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffamu. Guyyaa sa’aatii 7:00 Magaalaan Hawaasaa, Humna Ibsaa Itiyopophiyaa waliin taphatu. Magaalaan Hawaasaa liigichatti tapha shan gaggeesseen yeroo 4 yoo mo’u yeroo tokko mo’ameera. Taphichaan goolii 9 yoo lakkoofsisu goolii sadii keessummeesseera. Garichatti qabxii 12n sadarkaa 3ffaa irratti argama . Morkataansaa Humni Ibsaa Itiyoophiyaa gamasaan liigichatti taphoota gaggeesseen taphoota shan injifateera. Goolii 13 yoo lakkoofsisu golii tokko keessummeesseera. Garichatti qabxii 15 liigicha dursaa jira . Dorgammii bara Kanaan kilaboonni lama jalqabbii gaarii argisiisan taphichaan morkii walgitaa ni taassisu jedhamee eeggama . Sagantaa biroon Bunni Sidaamaa Magaalaa Finfinnee waliin guyyaa sa’aatii 9:00 taphasaanii gaggeessu. Liigichatti Bunni Sidaamaa taphoota 4 gaggeesseen yeroo tokko yoo injifatu yeroo sadii wal-qixaan adda baheera. Taphichaan bunni sidaamaa goolii shan yoo galchu, goolii sadii keessummeesseera. Garichatti qabxii 6n sadarkaa 6ffaa qabateera. Morkataansaa magaalaan Finfinnee liigichatti tapha shan gaggeesseen tokko yoo injifatu , yeroo 4 mo’ameera. Taphichaan goolii lama yoo lakkoofsisu goolii 11 keessummeesseera. Garichaan qabxii sadiin sadarkaa 13ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aarratti argama. Taphichaan gareewwan lameen gara daandii injifannootti deebi’uuf morkii taassisanidha.
Piriimar liigii dubartootaatiin magaalaan Adaamaa milkaa’eera
Nov 13, 2025 128
Sadaasa 4/2018(TOI)-Sagantaa turban jahaffaa piriimar liigii dubartootaa Itiyoophiyaatiin magalaan Adaamaa kutaa magaalaa Boolee 2 fi 1’n mo’ateera. Qabxii kanarratti hundaa’uun magaalaan Adaamaa tapha liigichaatiin yeroo lama yoo mo’atu kutaan magaalaa Boolee yeroo afur mo’ameera. Tapha guyyaa gaggeeffameen Machaal Buna Yirgaa Caffee 1 fi 0’n mo’ateera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 85
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 81
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru. Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fiduuf kutannoo qabdi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 14, 2025 90
Sadaasa 5/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan waltajjii Koop 32 irratti jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fi qabatamaa fiduuf kutannoo akka qabdu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan Koop 32 akka keessummeessitu hawaasni Addunyaa itti gaafatama guddaa waan nuuf kenneef kabajni nutti dhagahama jedhaniiru. Afriikaan bara 2025 konfaransii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (Koop 30) Biraazil irratti sagalee tokkoon dubbatteetti, Addunyaanis ishee dhaggeeffateera jedhaniiru. Bakka bu’oota biyyoota Afriikaa gaaffii Itiyoophiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 2027 Finfinneetti Koop 32 keessummeesuuf gaafatte guutummaatti deeggaran galateeffataniiru. Rakkoowwan Jireenya namaa keessatti baay’ee barbaachisan keessaa tokko furuun akka danda’amu tattaaffii waloo gaggeessuuf carraa waan arganneef ni galateeffanna jedhaniiru. Hawaasni addunyaa itti gaafatama guddaa kana waan nuu kenneef kabajni nutti dhagahama jedhan Ministirri muummee. Beekamtii kana kutannoo cimaa Itiyoophiyaan haala qilleensaarratti qabdu, hooggansaa fi qophiilee idil addunyaa ijoo keessummeessuuf dandeettii dilbii qabdu agarsiisa jechuun cimsanii ibsaniiru. Kanaaf waltajjiin koop 32 Itiyoophiyaan keessummeessitu jijjiira haala qilleensaarratti tarkaanfii waloo kan jajjabeessu bu’aa cimaa fi qabatamaa fiduuf guutummaatti kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.
Hojimaatni kunuunsa biyyee fi bishaanii gabbina biyyee guddisuun oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera.
Nov 14, 2025 80
Sadaasa 05/2018(TOI)-Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hawaasa hirmaachise hojjetameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Ministeerri Qonnaa. Bona baranaafis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala gaariin hojjetamuuf haaldureewwan xumuramuu ibseera. Jijjiiramni qabeenya qilleensaa, lolaan, roobni yeroosaa eegee roobuu dhabuun, hongeenii fi dhiqamni biyyee jireenya hawaasaarratti dhiibbaa fidaa jiraachuun eerameera. Biqiloota dhaabuun; kunuunsi biyyee fi bishaanii immoo jijjiirama qilleensaa sirreessuun dhalli namaa rakkoo hamaaf akka hin saaxilamne taasisa. Imaammata kunuunsa qabeenya uumamaa Itiyoophiyaan hordoftee ashaaraa magariisaan biqiloota duulaan dhaabuun, kunuunsa qabeenya biyyee fi bishaanii waktii bonaa hojiirra oolchitu kunuunsa naannoof xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu isheef ibsituudha. Ministeera Qonnaatti dursaa hojii raawwachiisaan Misooma, Kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonnoon turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti qabeenyi uumamaa jireenya dhala namaa waliin walitti hidhata guddaa qaba. Haalli jijjiirama qilleensaa, lolaan, hongeenii fi dhiqamni biyyee deebii uumamni deebisee kennu balleessaa dhalli namaa hojjetuuti jedhan. Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaaniif hawaasa hirmaachise hojjetameen fooyya’insi gaariin argamuu fi oomishnii fi oomishtummaan dabaluus kaasaniiru. Biyyattii keessatti lageen gurguddoo 12 sab beezinii 135 qaban akka jiran eeruun, yeroo ammaa bishaan sab beezinii gurguddoon dabalataa 8,903 adda baafamanii misoomfamaa akka jiran ibsaniiru obbo Faanosee Mokonnoon. Hojiileen kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan sadarkaa hawaasaatti adda baafamanii hojjetamaa jiran bishaan yaa’insa xixiqqaa kuma 197 fi 843 misoomsamaa jiraachuu eeraniiru. Haaluma kanaan lafa heektaara miiliyoona 33.6 irratti hirmaannaa mootummaa fi hawaasaatiin hojiin irra deebiin misoomsuu hojjetamaa akka jirus isaniiru. Iddoon hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii Bonaa fi hojichaaf meeshaaleen barbaachisan adda baafamanii hojiitti galamuuf qophiin xumuramuus himameera.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 8934
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 7039
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.