ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Dhaamsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad:
Jun 23, 2026 26
Yaa’ii Biyyaalessaa mata duree “Itiyoophiyaan ni raawwatti’” jedhuun qophaa’erratti argamuun koo kabaja guddaan natti dhaga’ama. Yaa’iin mata duree “Jijjiirama irraa gara ce’umsa itti fufiinsa qabuutti” jedhuun gaggeeffamaa jiru kun daandii irra deemnee fi amma eessa akka jirru akkan yaadu na taasiseera. Biyyi keenya qabeenya mataa isheetiin hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa ijaaruu fi misooma guddaa kanaan dura hin argamne hojiirra oolchuudhaan yeroo hunda sadarkaa itti aanutti ce’aa jirti. Kun hundinuu injifannoo akka tasaa osoo hin taane, bu’aa murtii murteessaa hafuura tokkummaa fi jijjiiramni itti fufiinsa qabu waliin dhaabbachuu irraa akka dhufu amantaa cimaa irratti hundaa’eedha. Jijjiiramni nuti jalqabne mataan isaa galma dhumaa miti; inumayyuu, dhaloota walduraa duubaan nu booda dhufuuf bu’uura jabaa kaa’annudha. Ijaarsi biyyaa dhuma dhaloota tokkoo osoo hin taane, hunda keenyaaf hojii waliinii fi itti fufiinsa qabu waan ta’eef; Amantaa cimaa kanaan, Itiyoophiyaanonni hundi hafuura kanaan akka fuulduratti tarkaanfatan, humna argatanitti akka fayyadamanii, olka’iinsa kana caalu akka ga’an waamicha kooti! #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Yuunivarsitichi hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu cimsuu qaba
Jun 23, 2026 21
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Arsii hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru cimsuu akka qabu walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa ibsani. Yuunivarsitichi barattoota damee ogummaa adda addaatiin leenjise 1,355 ol guyyaa har'aa eebbiseera. Kanuma waliin walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yuunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa akka ibsanitti; Eebbifamtoonni Itiyoophiyaa badhaate boruu dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu keessatti ashaaraa isaanii kaa'uu qabu jedhani. Eebbifamtoonni kunneen yeroo Itiyoophiyaan gara ijaarsa diinagdee dijitaalaa tarkaanfachaa jirtutti yeroo eebbifaman hojiin guddaa akka esaan eeggatu himaniiru. Adeemsa jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti eebbifamtoonni gahee isaanii bahuu akka qaban ibsuun, Yuunivarsitichi qorannoo rakkoo qonnaan bulaa furu irratti xiyyeeffachuun hojii isaa akka itti fufus qajeelfama kennaniiru. Hojii qorannoo bu’a qabeessa ta’ee fi fayyaa dabalatee tajaajila hawaasummaa keessatti hojjetamaa jiruu fi cehumsa teeknooloojii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuu qaba jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dr. Fiqaaduu Mitikkuu gamasaaniitiin, yuunivarsitichi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qorannoo rakkoo furuu bu’a qabeessa ta’e qonna, fayyaa, injinariingii fi teeknooloojii irratti gaggeessuun hawaasa fayyadamoo taasisaa jira jedhan. Barattoonni hojii uumtota akka ta’aniif leenjiin hojii kennamaafii kan ture ta’uu himaniiru. Yunivarsiitichi tajaajila hawaasaa babal’isuuf hojii hojjetaa jiruun hospitaala da’umsaa fi daa’immanii ijaaree hojiitti galchuu isaa ibsaniiru. Itti dabaluunis Hospitaala Riferaalaa Asallaa dabalatee tajaajila waraqaa malee argachuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu dabalanii himaniru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Jiraattonni Magaalittii itti gaafatamummaa isnii ba’achuudhaan naannoo isaanii balaa Lolaarraa eeguu qabu - kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 23, 2026 163
Waxabajjii 16/2018 (ENA):- Jiraattonni magaalaa keenyaa bo’oo lolaa qulqulleessuudhaanii fi kosii sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa lolaarraa eeguu qabu jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee waamicha dhiheessan. Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin ergaa dabarsaniin, Aanaa Aqaaqii Qaallittiitti bakka yeroo baay’ee balaa Lolaatiif saaxilamu irratti hojii lolaa ittisuu fi qophii ittisa balaa ifatti jalqabsiisneerra jedhan. Aqaaqii Qaallittiin teessuma lafaatiin kutaa Finfinnee gara gadii waan ta'eef; kanaan dura balaa lolaatiif deddeebi'ee miidhamaa turuu isaas yaadachiisaniiru. Guyyaa har'aas naannoo kanaaf dursa kennuudhaan bakkeewwan magaalaa keenya hundatti laggeen yaa’insa uumamaa isaanii eeggatanii akka yaa’an ijaarsoota adda addaa hojjechuu fi sosochii sararoota dhangala'aa qulqulleessuu itti fufsiisneerra jechuun ibsaniiru.. Jaalatamtoota jiraattota magaalaa keenyaa, bulchiinsi keenya hojii ittisaa fi balaan akka hin qaqqabneef hojii qophii dursaarratti hojjechaa jiru irratti dammaqinaan hirmaadhaa jechuun waamicha dhiheessaniiru. Itti dabaluudhaanis, sararoota dhabamsiisa dhangala’aa qulqulleessuudhaan, kosii gara lolaan yaa’utti gatuu dhiisuu fi sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa Lolaarraa eegaa jechuun dhaamaniiru
Godina Wallagga Lixaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'eera
Jun 23, 2026 112
Waxabajjii 16/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'uu isaa Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera. Waajjira Qonnaa godinichatti Durasaan garee eegumsa qabeenya uumaamaa Obbo Fiqruu Biraanuu, sagantaa ashaaraa magariisaa kanaaf qophiin biqiltootaas ta'ee lafaa xumuramuu isaa ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin godinichatti aanaalee hundatti biqiltoonni faayidaa hedduu qaban miiliyoona 328 ol akka dhaabaman eeraniiru. Biqiltoota qophaa'an keessaa avokaadoo, paappaayaa, muuzii, burtukaana, Appilii fi kanneen bosonaatiif oolan biqiltoonni hedduun qophaa'uu isaanii kaasaniiru. Hojiin biqiltuu magarsuu kun dhuunfaan, mootummaanii fi waldaaleen kan raawwatame ta'uu ibsaniiru. Uummata hirmaachisuudhaan hojii dhaabaatiif boolli miiliyoona 293 qophaa'uusaa eeraniiru. Kanaanis namoota gara miiliyoona 1.4 ta'an hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Magaalaa Finfinneetti sochiin duula ittisa Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa Bara 2018 eegalame
Jun 23, 2026 136
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqiitti duulli Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa 2018 eegalameera. Sagantaa jalqabsiisa kana irratti kan argaman itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee fi itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Mgaalichaa Jaanxiraar Abbay akka himanitti, duulli kun yeroo Gannaa hordofee miidhaa namootaa fi qabeenya irra gahu ittisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa sirnaan qoratee furmaata itti fufiinsa qabu kennaa akka ture eeraniiru. Kana keessatti bu’aan qabatamaan galmaa’uu ibsaniiru. Laggeen jireenya dhala namaatiif madda balaa ta’uu osoo hin taane, madda bishaan qulqulluu ta’uu akka qaban hubachiisuun, gara fuulduraattis lageen madda balaa akka hin taaneef misoomni qarqara lagaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhan. Sadrkaa itti Aanaa Kantiibaattii fi hojii gaggeessaa olaanaan magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seetaa gamasaaniitiin magaalaa guddittii keessatti haala balaa irraa bilisa ta’e uumuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Naannoowwan kanaan dura madda balaa turan gara iddoo jireenyaa mijataa fi hawwataa ta’etti jijjiiramuu isaanii akeekaniiru. Hojiin magaalattii mijataa fi jireenyaaf hawwataa taasisuu cimee itti fufuus mirkaneessaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Siyaasa
Paartiin Badhaadhinaa Filannoo walii galaa 7ffaa mo’ate waadaa uummataaf gale hojiirra olchuudhaan misooma fulla’aa mirkaneessuu qaba
Jun 23, 2026 238
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifate waadaa uummataaf gale hojiitti hiikuun nagaa fi misooma waaraa mirkaneesuuf cimee akka hojjetu Jiraattonni magaalaa Gambeellaa ibsan. Filannoo waliigalaa keessatti paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Manneen Maree Naannootiif jidduu galeessaan teessuma baay’ee argachuun injifachuu isaa Boordiin Filannoo Biyaalessaa Itiyoophiyaa beeksisuun isaa ni yaadatama. Bu’aa filannichaa ilaalchisuun jiraattonni magaalaa Gambeellaa ENA’f yaada kennaniin, paartiin Badhaadhinaa filannichaan mo’ate waadaa gale hojiirra oolchuudhaan fayyadamummaa uummataa gama hundaan jiru mirkaneessuuf carraaquu akka qabu ibsaniiru. Jiraattota magaalichaa keessaa obbo Andaargee Waasihuun, paartiin Badhaadhinaa mo'ate maaniifeestoo fi sagantaa isaatiin waadaa uummataaf gale hojiirra oolchuudhaan, gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataan ka'aniif deebii kennuuf cimee hojjechuu akka qabu dubbataniiru. Uummannis mootummaa cinaa dhaabbachuun hirmaannaa filannicha irratti agarsiise misooma irrattis irra deebi'uun, tokkummaa isaa cimsee waliin hojjechuu akka qabus ibsaniiru. Paartiin Badhaadhina Filannoo biyyaalessaatiin mo’ate, hojiiwwan misoomaa waggoottan darban keessatti eegalaman itti fufsiisuun fayyadamummaa misooma uummataa mirkaneessuuf cimee hojjechuu akka qabu kan dubbate immoo dargaggoo Umood Umood dha. Keessattuu akka Naannoo Gambeellaatti waggoottan darban keessa misoomni eegalaman cimanii akka itti fufan fedhii qabna, kanaafis mootummaa cinaa ni dhaabbanna jedheera. Jiraataa magaalattii biraan obbo Zallaqaa Dabalee yaada kennaniin, paartiin mo'ate tokkummaa fi waliin jireenya uummataa cimsuudhaan nagaa fi misooma waaraa mirkaneessuu irratti xiyyeeffachuu akka qabu ibsaniiru. Paartichi waggoottan shanan dhufan keessatti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa deebii kan itti kennu ta’uu akka qabus yaada kennaniiru. Maaniifeestoo fi sagantaalee paartichaan karoorawwan uummataaf ibsaman hojiirra oolchuudhaan bu’aa misoomaa qabatamaa galmeessisuuf hojjechuu akka qabu kan dubbate immoo jiraataa magaalichaa dargaggoo Kaamaa Ubongii dha. Paartiin Badhaadhinaa filannicha injifachuun isaa hojiiwwan kanaan dura eegale galmaan gahuuf carraa gaarii akka uumu kan ibse dargaggoon kun, nutis akka dargaggootti cinaa isaa dhaabbannee ni tattaafanna jedheera.
Uggurri viizaa Ameerikaan hoggantoota garee Finxaaleyyii ABUT duraanii irratti kaa’uun gareen kun hatattamaan hojii badinsaa raawwatu akka dhaabuuf ergaa ifa ta’e dha
Jun 23, 2026 165
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Uggurri viizaa Ameerikaan hoggantoota garee finxaaleyyii ABUT duraanii fi maatii isaanii irratti dhiyeenya kaa’e ergaa ifa ta’ee fi gareen kuni sochii badinsaa raawwatu hatattamaan akka dhaabuuf murtee cimaa ta’uu itti gaafatamtuun waajjira Paartii Simrat Aadde Almaaz Gabratsaadiq himaniiru. Hoggantuun bulchiinsa Yeroo Mootummaa Naannoo Tigraay duraanii fi itti gaafatamtuun waajjira Paartii Simrat aadde Almaaz Gabratsaadiq waa’ee uggura viizaa tibbana Ameerikaan hoggantoota ABUT duraanii fi maatii isaanii irra kaa’e ilaalchisee haala naannoo Tigraay ENAtti himaniiru. Akka itti gaafatamaan kun himanitti, Ameerikaan hoggantoota TPLF duraanii fi maatii isaanii irratti dhiyeenya uggurri viizaa darbe gareen kun hatattamaan hojii badii seeraan alaa raawwachaa jiru akka dhaabu ergaa ifa ta’e dha jedhani. Murteen kun gareen kun dhaabbatee akka itti yaaduu fi Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra akka oolchuuf gumaacha guddaa akka taasisa jedhan. Gareen finxaaleyyii TPLF duraanii naannoo Tigraay keessatti waraanaaf qophaa’aa akka jiru kan ibsan itti gaafatamtuun waajjira Paartii Simrat, naannicha keessatti dargaggoota sadarkaa olaanaan dirqisiisuun waraanatti guuraa akka jirus akeekaniiru. Dargaggoonni naannicha keessatti garee hidhattootatti makamuu didan labsii seeraan alaatiin garee hidhattootaa kana akka makaman dirqisiifamaa akka jiran akeekaniiru. Dargaggoonni kunniin naannoo sanaa miliqaa akka jiran kan eeran yoo ta’u, dirqiin waraanatti guuramuu kana mormuun gara Finfinnee fi kutaalee biyyattii birootti baqachaa akka jiran ibsaniiru. Baandaaleen farra nageenyaa maqaa "Tsimdoo" jedhuun humnoota diina alaa waliin ta'uun Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf hojjechaa akka jiran kan ibsan itti gaafatamtuun waajjira Paartii Samrit, gareen finxaaleyyii kuni walitti makamuun kun waraana haaraa banuuf qophaa'aa akka jiran kan mirkaneessu ta'uu ibsaniiru. Kaayyoon inni guddaan piroojektii Tsimdoo jedhamu kun Itiyoophiyaan nageenya dhabdee jeequmsa dhaabbataa keessa tursiisuu akka ta’es hubachiisaniiru. Gareen finxaaleyyii wayyaanee duraanii Shabiyaa waliin tumsa uumuun ergamaa fi meeshaa ajandaa jeequmsaa kanaa ta’ee socho’aa akka jiru ibsaniiru. Kanaaf dargaggoonni Tigraay garee finxaaleyyii TPLF duraanii, kan humna alaa waliin tumsa uumuun aangoo seeraan alaa dheereffachuu fi biyyattii tasgabbii dhabsiisuun isin gaha jechuu qaba jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Komishinara Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin mari’atan
Jun 22, 2026 1628
Waxabajjii 15/2018(ENA)-Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Komishinara Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dr.Barhaam Saalihiin waajjira isaaniitti simatanii dubbisaniiru. Komishinarri Olaanaa Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dr. Barhaam Saalihiin marii kana ilaalchisuun ENAtti akka ibsanitti, Pirezidant Taayyee Atsqasillaasee waliin marii bu’a qabeessa ta’e gaggeessuu isaanii eeraniiru. Mariin kun Itiyoophiyaan godaantota hedduu keessummeessuu keessatti shoora murteessaa bahachaa jirtuuf dhaabbanni isaanii dinqisiifannaa fi beekamtii qabu ibsuuf carraa guddaa uumuu isaa ibsaniiru. Keessattuu, biyyatiin godaantota sirna biyyaalessaa keessatti hammatuu fi gargaarsa namoomaa qofa irratti akka hin hirkamne gargaaruuf dhiyyeenya kana roodmaappii hammannaa isheen ifa goote akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Adeemsa hojiirra oolmaa roodmaappii kanaan komishinichi mootummaa Itiyoophiyaa waliin kutannoon akka hojjetu kan mirkaneessan yoo ta'u; hawaasni addunyaas itti gaafatamummaa gamtaa isaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru. Gama biraatiin, Komishinar Barhaam Saalihiin Itiyoophiyaan dhiyyeenya kana filannoo waliigalaa torbaffaa milkiin xumuruu isheetiif gammachuu itti dhaga’ame ibsuun, ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam caalaatti cimuu qaba – Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Jun 22, 2026 919
Waxabajjii 15/2018 (ENA)-Hariiroon seenaa qabeessi Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kiingidam caalaatti akka cimu ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosa dhaaman. Sagantaan irbaata dippilomaatikii gareen Sidaraa (Sidara Group) magaalaa Landanitti qopheesse akkasumas Leber Afriikaa Neetwoorkii (Labour African Network fi embsaaiin Yunaayitid Kingidam Itiyoophiyaatti argamuun waloomaan qophaa’e gaggeeffameera. Ministirri dhimma alaa Dr Geediyoon Ximootiwoos wayita kana akka jedhanitti, gufuulee idil addunyaa waloomaan furuuf akkasumas carraalee guddinaa fi badhaadhinaa haaraatti gargaaramuuf waltajjiiwwan maree fi tumsaa qooda ijoo qabu. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Yunaayitid Kiingidam dhaabbilee mootummaa jidduutti akka hin daangofne ibsaniiru. Tumsi kun walitti hidhamiinsa fulla’aa dhaabbilee daldalaa, dhaabbilee mootummaa, hawaasa diyaasporaa fi lammiilee biyyoota lamaanii jidduu jirurratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Hariiroon ummattoota biyyoota lamaanii jiru kun tumsa cimaa fi egereef utubaa isa ijoodha jedhaniiru. Ministirri dhimma alaa kun dubbiisaanii keessatti ajandaa riifoomii Itiyoophiyaa yeroo ammaa fi karoora misoomaa yeroo dheeraa kaasaniiru. Keessumaa dinagdee jabeessuu, dargaggoof carraa hojii uumuuf akkasumas guddina hammataa fi fulla’aa fiduuf tattaaffii taasifamaa jiru kaasaniiru. Carraaleen tumsa daldalaa, Invastimantii, barnoota, qu’annoo teeknooloojii kalaqaa(Innoveeshinii) fi jijjiirama qilleensaa damdamachuu biyyoota lamaan jidduu jiraachuusaanii ministirichi eeraniiru. Haala idil addunyaa yeroo yerootti wal xaxaa dhufe sirnaan bahachuu fi lammiilee biyyoota lamaaniif faayidaa qabatamaa argamsiisuuf tumsa idil-addunyaa cimaa uumuun dhimma filmaata hin qabne ta’uu hubachiisaniiru. Dura taa’aan Leber Afriikaa Netwoork (LAN) Ernasti Ambee dubbii dubbataniin, Neetwoorkichi sagaleen Afriikaa imaammata bocuu Yunaayitid keessatti, waltajjiiwwan daldalaa fi dippilomaasii irratti guddatee akka mul’atu gochuurratti qooda inni bahe dinqisiifataniiru. Dinagdeen Itiyoophiyaa Afriikaarraa gabaawwan isa guddaa fi guddina si’ataa galmeessisaa jiran keessaa isa tokko ta’uu haala addaan kaasaniiru. Yuunaayitid Kingidamitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Buruuk Mokonnon gamasaaniin, taateen dippilomaasichaa tumsa daldalaa, Invastimantii fi innoveeshinii biyyoota lamaanii cimaa dhufe bal’isuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru. wal deeggarsi dinagdee itiyoophiyaa fi walumaa gala biyyoota afriikaa waliin qabdu guddachuunsaa carraalee haaraa, badhaadhina waloo fi guddina hammataa fulla’aa fiduuf akka gargaaru ibsuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun misoomawwan eegalaman galmaan ga’uuf kutannoon ni hojjenna -Jiraattota Magaalaa Harar
Jun 22, 2026 886
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Jiraattonni Magaalaa Harar pirojektoota misoomaa jalqabaman Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun cimsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetan beeksisan. Bulchiinsi Magaalaa Harar waggoota darban keessa gaaffii jiraattotaa bishaan dhugaatii, bu’uuraalee daandii fi carraa hojii uumuu irratti gaaffii dhiyeessan deebisuuf pirojektoota misoomaa adda addaa raawwachaa akka ture ni beekama. Keessattuu pirojektoonni misoomaa fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee jiraattotaa mirkaneessan, seenaa fi aadaa magaalichaa irratti dhiibbaa osoo hin geessisin mirkaneessu bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jira. Kutannoon amma jiraattonni agarsiisan bu’aa misoomaa hanga ammaatti argame itti fufiinsa akka qabaatu fi gatiiwwan bulchiinsa gaarii daran guddisuuf fedhii ummanni qabus agarsiisa. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaleessa filannoo waliigalaa 7ffaa Bakka Bu'oota Ummataa fi Mana Maree Naannoolee irratti Paartiin Badhaadhinaa teessoo caalmaa injifachuu isaa beeksiseera. Haaluma kanaan jiraattonni magaalaa Harar yaada isaanii ENA’f kennan hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun eegalaman cimsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru cimsinee deggerra jedhaniiru. Jiraattonni kunneen hojiiwwan misoomaa, nageenya, dippilomaasii fi hojiiwwan kanaan walqabatan biroo paarticha waliin ta’uun hojjechaa jiran cimsuu itti fufna jedhaniiru. Jiraattota yaada isaanii kennan keessaa Paartiin Badhaadhinaa misooma koridarii, carraa hojii uumuu, ashaaraa magariisaa fi hojiiwwan misoomaa biroo irratti jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jira jedhan obbo Jamaal Mahaammad. Hojiin kun itti fufuu akka qabu, ummannis hojii dhaabicha waliin eegalame itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Yaada isaanii kan kennan qaama miidhamaa obbo Imraan Ahmad waggoota shanan dhufan keessatti paartiin kun fooyya’aa akka hojjetu amantaa qaban ibsaniiru. Pirojektoota misoomaa eegalaman xumuruu fi fayyadamummaa ummataa daran guddisuuf ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuudhaan sagaleen keenya gatii akka qabu ifatti arginee jirra; akkasumas Paartiin Badhaadhinaa injifachuu isaatti gammachuu qabdu ibsachuun, paartiin kuni kanaan ol akka hojjetu abdii qabdu ibsachuun cinaa dhaabbachuu akka qabdu kan ibsite immoo Yaabsiraa Dassaalenyidha. Dargaggoo Abdulaaziiz Shakib gama biraatiin Paartiin Badhaadhinaa paartii biyya ceesisu ta'uu dubbachuun,waggoota shanan dhufan keessatti hojiiwwan misoomaa fooyya’oo ta’an raawwachuudhaan fayyadamummaa ummataa akka guddisu amantaa akka qaban ibseera. Dargaggoo Abdulaaziiz akka jedhetti, paartichi pirojektoota gurguddoo hedduu ijaaruu fi hojiirra oolchuudhaan ''waadaa gochaan agarsiiseera''; Fuuldurattis hojii misoomaa eegalame dhaabicha waliin cimsinee itti fufna jedheera. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Filannichi ummanni keenya nagaaf jecha gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seenaa qabeessadha-SBA
Jun 22, 2026 505
Waxabajjii 15/2018 (ENA)- Filannichi ummanni keenya nagaaf jecha gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seena-qabeessa ta’uusaa Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa(SBA)ibse. Boordiin filannoo biyyaalessaa bu’aa filannoo biyyaalessaa 7ffaa kaleessa ifoomsuunsaa ni beekama. Haala Kanaan paartileen siyaasaa garagaraa adeemsi filannichaa milkaa’aa ta’uusaa ibsuudhaan, bu’aasaa fudhachuusaanii fi paartii badhaadhinaa sagalee caalmaan mo’ateef hawwii gaarii dabarsaa jiru. Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa(SBA) ibsa baaseen filannoon walii galaa 7ffaa, nagaaf jecha ummanni keenya gatii qaalii kaffalee kan itti mo’ate filannoo seena qabeessadha jedheera. Filannoon walii galaa 7ffaan ummanni gara boqonnaa siyaasaa fi hawaas-dinagdee fooyya’aatti cehuuf kutannoosaa kan itti agarsiise murtoo cimaa ta’uusaa ibseera. Milkaa’inni galmaa’e bu’aa ummanni keenya fageessee ilaaluu danda’uusaa waan ta’eef seenaa guddaatti fudhatamuu kan qabudha jedhe ibsa baaseen. Filannichi diinota Itiyoophiyaa alaas abdii kan kutachiise taatee guddaa ta’uu SBA ibseera. Diyaasporaan misoomaa fi hojii misoomaa akka deeggaru akkasumas tasgabbii biyyaaf jecha ajandaawwan bu’aa hinbuufnerraa akka fagaatu waamicha godheera. Xumurarrattis paartii badhaadhinaa filannoo walii galaa 7ffaan sagalee caalmaa argateen ergaa baga gammaddanii ibsee, yeroon itti aanu biyya keenya boqonnaa hunda galeessa fooyyee qabutti kan itti ceesifnu akka ta’u ibseera.
Filannoo Waliigalaa 7fffaa keessatti Sagalee Ummatni kenname ni kabajna – Paartii Demokiraatawaa Ummatoota Walloo
Jun 22, 2026 597
Waxabajjii 15/2018(ENA) – Filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti sagalee uummataan kenname ni kabajna jechuun Paartiin Demokraatawaa Ummatoota Walloo (PADUW) ibse. Paartichi ibsa ENA’f ergeen, filannoon waliigalaa 7ffaan nagaan xumuramuusaa gammachuu itti dhaga'ame kanaan dura ibsuu isaa yaadachiisee, bu'aa Boordiin Filannoo biyyaalessaa ibse irratti hundaa’uun sagalee uummataan kenname kan kabaju ta'uu beeksiseera. Ibsa boordichaa irratti hunda’uun, Paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi manneen maree magaalaafi naannootiif mootummaa hundeessuu kan dandeessisu sagalee argachuu isaa eeruun, hoggantoota paartichaa, miseensotaafi uummata filataaf ergaa baga gammaddanii dabarseera. Waggoottan shanan dhufan keessattis Itiyoophiyaan rakkoolee ishee mudatan guutumaan guutuutti kan itti furaman, mariin isheen eegaltee jirtus bu'aadhaan kan itti xumuramu ta'as jedhee amantaa qabus ibseera. Paartichi ergaa dabarseen, biyya keenya jalqabbii sirna deemokiraasii keessa jirtuuf yeroo ce’umsa nagaafi guddinaa akka ta'u hawwaa, paartiin keenya birmadummaa biyyaa, deemsa misoomaafi guddinaa kan gufachiisan humnoota badii alaas ta'e keessaa, mootummaa cinaa dhaabbannee kan qabsoofnu ta'uu ni mirkaneessina, jechuun ergaa dabarseera.
Hojiiwwan Misoomaa eegalaman akka Saffisaniif hirmaannaa taasifnu cimsinee itti fufna – Dargaggoota
Jun 22, 2026 525
Waxabajjii 15/2018 (ENA) – Paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun nageenya naannoo keenyaa eeguu fi hojiiwwan misoomaa eegalaman akka saffisaniif hirmaannaa goonu cimsanii kan itti fufan ta'uu dargaggoonni Magaalaa Amboo beeksisan. Filannoo waliigalaa keessatti Paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka bu'oota uummataafi manneen maree naannoof teessuma caalmaa argachuun mo'achuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksisuun ni yaadatama. Dhimma kana irratti dargaggoonni magaalaa Amboo ENA’n dubbise; nageenya naannoo isaanii eeguun hojiiwwan misoomaa jalqabaman akka saffisaniif paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun hirmaannaa taasisan kan itti fufan ta'uu ibsaniiru. Yaada kennitoota keessaa dargaggoo Shibbiruu Nagarii Paartiin Badhaadhinaa gaaffii uummataa deebisuu kan danda'anii fi kanaan dura sadarkaa biyyaalessaafi naannootti pirojektoota gurguddoo eegalaman cimsee itti fufsiisuu akka qabu himeera. Hojiiwwan misoomaa gurguddoo sadarkaa biyyaalessaatti karoorfaman akka milkaa'aniif paarticha cinaa dhaabbachuun qooda isaa kan bahu ta'uu ibseera. Dargaggoon Yohaannis Miidhagsaa gama isaatiin, magaalicha keessatti dameewwan hundaan hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran deeggaruuf qophaa'uu isaa ibseera. Paartii mo'ate waliin ta'uun hojiiwwan misoomaa jalqabaman irratti hirmaachuun, akkasumas dargaggoota naannichaa qindeessuun gahee isaarraa eegamu bahachuuf qophii ta'uu isaa ibseera. Dargaggoon Cimdeessaa Nagarii gama isaatiin; paartiin teessuma mana maree caalmaa argate kanaan dura gaaffiiwwan misoomaa lammiileen kaasaa turan deebisuu akka qabu eeruun, pirojektoonni misoomaa jalqabamanifi fayyadamummaa uummataa dabalan akka itti fufaniif qooda isaa kan bahu ta'uu ibseera.

Hawaasummaa
Yuunivarsitichi hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu cimsuu qaba
Jun 23, 2026 21
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Arsii hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru cimsuu akka qabu walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa ibsani. Yuunivarsitichi barattoota damee ogummaa adda addaatiin leenjise 1,355 ol guyyaa har'aa eebbiseera. Kanuma waliin walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yuunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa akka ibsanitti; Eebbifamtoonni Itiyoophiyaa badhaate boruu dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu keessatti ashaaraa isaanii kaa'uu qabu jedhani. Eebbifamtoonni kunneen yeroo Itiyoophiyaan gara ijaarsa diinagdee dijitaalaa tarkaanfachaa jirtutti yeroo eebbifaman hojiin guddaa akka esaan eeggatu himaniiru. Adeemsa jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti eebbifamtoonni gahee isaanii bahuu akka qaban ibsuun, Yuunivarsitichi qorannoo rakkoo qonnaan bulaa furu irratti xiyyeeffachuun hojii isaa akka itti fufus qajeelfama kennaniiru. Hojii qorannoo bu’a qabeessa ta’ee fi fayyaa dabalatee tajaajila hawaasummaa keessatti hojjetamaa jiruu fi cehumsa teeknooloojii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuu qaba jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dr. Fiqaaduu Mitikkuu gamasaaniitiin, yuunivarsitichi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qorannoo rakkoo furuu bu’a qabeessa ta’e qonna, fayyaa, injinariingii fi teeknooloojii irratti gaggeessuun hawaasa fayyadamoo taasisaa jira jedhan. Barattoonni hojii uumtota akka ta’aniif leenjiin hojii kennamaafii kan ture ta’uu himaniiru. Yunivarsiitichi tajaajila hawaasaa babal’isuuf hojii hojjetaa jiruun hospitaala da’umsaa fi daa’immanii ijaaree hojiitti galchuu isaa ibsaniiru. Itti dabaluunis Hospitaala Riferaalaa Asallaa dabalatee tajaajila waraqaa malee argachuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu dabalanii himaniru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jira - Pireesidaanti Ordiin Badrii
Jun 22, 2026 854
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jiraachuu piresidaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisaniiru. Piresidaanti Ordiin Badrii sagantaa tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa eegalchiisaniiru. Piresidaanti Ordiin saganticha kan eegalchiisan kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamoo ta’aniif ijaarsa mana jireenyaa eegaluunidha. Wayita sana akka jedhanitti, hunduu hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa gaggeeffamaa turan gargaaraa fi deeggarsa taasisuun, rakkoo hawaasummaa fi diinagdee lammiilee salphisaniiru. Hojii tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti paartii fi mootummaan waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana jireenyaa ni ijaaru jedhaniiru. Manneen kunneen yeroo gabaabaa keessatti saffisaa fi gahumsaan ijaaramanii fayyadamtootaaf dabarfamuu akka danda’an himaniiru. Hunduu humnaa fi qabeenya qabu hundaan sochii tajaajila tola ooltummaa Ganna naannicha keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaan gahee lammummaa isaa gumaachuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Hojiin tajaajila tola ooltummaa kaka’umsa mataa ofiitiin gaggeeffamu gara fuula duraatti cimee akka itti fufu piresidaanti Ordiin ibsaniiru. Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota Naannichaa Aadde Ramziyaa Abdulwaahib gama isaaniitiin; Tajaajila tola ooltummaa waggaa waggaan naannichatti gaggeeffamu irratti lakkoofsi dargaggoota hirmaatan dabalaa dhufeera jedhani. Tajaajila tola ooltummaa bara kanaa fi hojiiwwan misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan keessatti tajaajilawwan xiyyeeffannoo 14 adda baasuun, kanarrattis tola ooltonni kuma 47 akka hirmaatan hubachiisaniiru. Sagantichaan hojiiwwan misoomaa birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu hojjachuuf karoorri qabamee hojiitti galamuusaa akeekaniiru. Sirna jalqabsiisa kana irratti Itti Aantuu piresidaantii naannichaa aadde Roozaa Umar, Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Sulxaan Abdusalaam fi Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa akkasumas hoggantoonni naannichaa biroo argamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira
Jun 22, 2026 631
Waxabajjii 15/2018 (ENA)- Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jiraachuu komishiniin hoggansa yaaddooo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ibse. Hojiileen qarqara lagaa fi kooriidaraa Finfinneetti ijaaraman miidhaginaa fi ammayyummaa magaalattii guddisuudhaan Finfinneen turizimiif bakka filatamtu akka taatu gochaa jiru. Misoomni kooriidaraa fi qarqara lagaa jiraattota qarqara lagaarra yaaddoo guddaan jiraachaa turan baraaruu danda’eera. Pirojektoonni qindoominaan hijjetaman kunneen yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachaa ture furuudhaan yaaddoo malee akka jiraatan godheera. Itti aanaan komishinaraa hoggansa yaaddoo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dassaalanyi Gonfaa ENA’f akka ibsanitti, lolaa fi balaa yeroo gannaa mudatuittisuuf hojiiwwan haal duree hojjetamaa jiru. Komishinichi qooda fudhattoota magaalattii garagaraa waliin ta’uun ujummoowwan dhangala’aan keessa darbuu fi bo’oon lolaan keessa darbu balfaan akka hin duuchamne xiyyeeffannoodhaan qulqulleeffamaa akka jiru eeraniiru. Dabalataanis hirmaannaan ummataa murteessaa waan ta’eef jiraattonni lagaa fi ujummoo keessatti balfa akka hin ganne hojiin hubannoo bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Bakkeewwan lolaaf saaxilaman adda baasuudhaan qama dhimmi ilaalu waliin ta’uun balaa gahuu danda’u salphsuuf xiyyeeffannoon hojjetanaa akka jiru itti aanaan komishinarichaa ibsaniiru. Hojiileen misooma qarqara lagaa fi kooriidaraa rakkoolee ujummoowwan bishaan keessa darbuu furuudhaan yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachuu danda’u hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira jedhaniiru. Kun ammoo jiraattota magaalichaaf aara galfii akka kenne dubbataniiru.
Tajaajilli Tola Ooltummaa Daangaa Qaxxaamuraa Itiyoophiyaa Walitti Hidhamiinsa Lammiilee Cimsuun Gahee Dargaggootaa Ijaarsa Biyyaa Keessatti Guddisaa jira
Jun 21, 2026 1567
Waxabajjii 14/2018 (ENA): Tajaajilli Tola Ooltummaa Daangaa Qaxxaamuraa Itiyoophiyaa tokkummaa biyyaalessaa cimsuu fi ga’ee dargaggoonni ijaarsa biyyaa keessatti qaban guddisaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ibseera. Fayyadamummaa lammiilee guddisuuf hojiiwwan nama irratti xiyyeeffatan hedduun kan raawwataman yoo ta’u, keessumaa gochi tajaajila tola ooltummaa gaggeessuu yeroodhaa gara yerooti guddachaa dhufeera. Dameewwan tola ooltummaa adda addaa keessaa tajaajilli tola ooltummaa dargaggoota daangaa qaxxaamuraa damee dammaqinaan guddachaa jiruudha. Sagantaan kun dargaggoonni Itiyoophiyaa hojii tola ooltummaa raawwachuu qofa osoo hin taane, biyya isaanii caalaatti akka beekanii fi hubataniif carraa guddaa uumaa jira. De’eetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Muunaa Ahimad ENAtti akka himanitti, Dargaggoonni guutuu biyyattii irraa gara kutaalee biyyattii adda addaatti socho’uun hojii tola ooltummaa gaggeessaa jiru jedhan. Tajaajilli tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa dargaggoota kutaalee biyyattii adda addaa walitti fiduu fi tokkummaa biyyaa cimsuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee ijaarsaa taphachaa jira jedhan. Kunis dargaggoota gidduutti aadaa fi duudhaa wal jijjiiruu uumuudhaan waa’ee maalummaa fi gama adda ta’een biyya isaanii akka baratan carraa uumuudha jedhan. Haala kanaanis adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gaheen dargaggootaa daran cimaa jira jedhan. Sagantaan bara 2014 eegalame kun bara kana yeroo 5ffaaf mata duree "Gaarummaa olka’insa Itiyoophiyaa 5ffaaf" jedhuun hojjechuuf qophaa’uu ibsaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa sadarkaa biyyaatti eegalame amma naannolee fi Godinoota biratti hojii idilee ta’aa jira jedhan. Itiyoophiyaan akkuma ashaaraa magariisaa isheetiin hojjatte hojii tola ooltummaatiin aadaa badhaadhaa ijaaruun addunyaaf fakkeenya ta’uuf hojjechaa jirti jedhan. Dargaggoonni sagantaa tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti qindoomuun dammaqinaan hirmaachuu fi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanii akka ba’atanis waamicha dhiyeessaniiru.
Diinagdee
Dhaamsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad:
Jun 23, 2026 26
Yaa’ii Biyyaalessaa mata duree “Itiyoophiyaan ni raawwatti’” jedhuun qophaa’erratti argamuun koo kabaja guddaan natti dhaga’ama. Yaa’iin mata duree “Jijjiirama irraa gara ce’umsa itti fufiinsa qabuutti” jedhuun gaggeeffamaa jiru kun daandii irra deemnee fi amma eessa akka jirru akkan yaadu na taasiseera. Biyyi keenya qabeenya mataa isheetiin hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa ijaaruu fi misooma guddaa kanaan dura hin argamne hojiirra oolchuudhaan yeroo hunda sadarkaa itti aanutti ce’aa jirti. Kun hundinuu injifannoo akka tasaa osoo hin taane, bu’aa murtii murteessaa hafuura tokkummaa fi jijjiiramni itti fufiinsa qabu waliin dhaabbachuu irraa akka dhufu amantaa cimaa irratti hundaa’eedha. Jijjiiramni nuti jalqabne mataan isaa galma dhumaa miti; inumayyuu, dhaloota walduraa duubaan nu booda dhufuuf bu’uura jabaa kaa’annudha. Ijaarsi biyyaa dhuma dhaloota tokkoo osoo hin taane, hunda keenyaaf hojii waliinii fi itti fufiinsa qabu waan ta’eef; Amantaa cimaa kanaan, Itiyoophiyaanonni hundi hafuura kanaan akka fuulduratti tarkaanfatan, humna argatanitti akka fayyadamanii, olka’iinsa kana caalu akka ga’an waamicha kooti! #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Finfinneen misooma kooriidaraa fi qarqara lagaatiin akka haaraatti dhalatte -Lammiilee biyya alaa Finfinnee jiraatan
Jun 23, 2026 166
Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Misoomni kooriidaraa fi qarqara lagaa Finfinneetti yeroo gabaabaa keessatti ijaaraman magaalattii ammayyeessaniiru jedhan lammiileen biyya alaa Finfinnee jiraatan ibsan. Finfinneen magaalaa muummee sabdaneessummaa Itiyoophiyaa, magaalaa muummee Afriikaa, wiirtuu dippilomaasii addunyaa fi lammiilee biyya alaa dabalatee heddoonni kan keessa jiraatanii fi magaalaa daawwatamtudha. Lammiileen biyya alaa magaalattiitti hojii addaddaarratti hojjetan guddina Finfinnee fi imala ammayyummaa ijaan arganii, yeroo gabaabaatti kan milkaa’e ta’uunsaa isaan dinqisiisaa jira. Finfinnee kan jiraatanii fi inistiitiyuutii leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRItti barsiisaan kutaa ICT kan ta’an lammiin Hindii piroofeesar Raaviindiraa Baabbuu, jijjiirama magaalattii amanuun dadhabe, akka haaraatti dhalatte jechuun ibsaniiru. Hojiileen bu’ura misoomaa magaalattii miidhagsanii fi faayidaa garagaraa qaban bal’inaan ijaaramuunsaanii magaalattiin akka ammayyoomtu gumaacha olaanaa akka qabaatu piroofeessarichi kaasaniiru. Jiraataa Finfinnee kan ta’anii fi inistiitiyuutii teekniikaa fi ogummaa FDRI’tti daarektarri inistiitiyuutii Konfiishiyeesiii kan ta’an lammiin Chaayinaa Paan Liiyaangi guddinni Finfinnee sadarkaa idil addunyaa kan eege imala ammayyummaati jedhu. Bu’urri misoomaa qindaa’aan magaalattii yeroo hojjetamu arguusaanii eeranii, misoomni qarqara lagaa fi hojiileen misoomaa biroon magaalattiin miidhagduu akka taatu gochaa jiraachuu dubbatu. Milkaa’inni Finfinneen waggoota gabaabaa keessatti galmeessifte bu’ura ammayyummaa Afriikaa fi fakkeenya misooma si’ataa ta’uu eeraniiru. Piroofeesar Raaviindiraa Baabbuu fi Paaanliyaangi akka raga bahanitti halli qilleensaa fi teessumni lafaa magaalittii mijataa waan ta’eef misooma kooriidaraa fi qarqara lagaa waliin ida’amee turizimii fi jireenyaaf mijattuu ishee taasiseera.
Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa nageenyaa fi guddina riijinii mirkaneessuuf kan gargaarudha
Jun 21, 2026 1423
Waxabajjii 14/2018 (ENA): Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa nageenyaa fi guddina riijinii mirkaneessuuf kan gargaaru dha jedhan hayyoonni. Seenaan qaroominaafi aangoon Itiyoophiyaa bara dheeraa qabdu abbummaa buufata galaanaa uumamaa ishee waliin walitti hidhata guddaa akka qabu dhugaa beekamaadha. Shirri diinonni seenaa biyya keessaa fi alaatiin xaxamanis Itiyoophiyaa abbummaa buufata galaanaa uumamaa ishee mulquun dabni guddaan biyyattii irratti raawwatameera. Gaaffiin buufata galaanaa waggoota kurnan sadiif onnee lammiilee Itiyoophiyaa keessatti ukkaamfamee ture, jijjiirama biyyaalessaa hordofuun ajandaa barbaachisaa ta’ee dhiyaateera. Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii seera qabeessa, seenaa, haqaa, teessuma lafaa fi riijinii ta’ee fi biyya baay’ina ummataa baay’ee guddina dinagdee ariifataa waliin walitti fidu qabdu buufata galaanaa malee jiraachuu hin dandeessu. Hayyoonni yaada isaanii ENAf kennan akka himanitti, Itiyoophiyaan abbummaa uumamaa fi seera qabeessa buufata galaanaa mataa ishee mulqisiisaniiru jedhani. Yunivarsiitii Yuniitiitti,barsiisaa sirna Hooggansaa fi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’an Dr. Geetiyyee Tirfee shirri diinota seenaa fi baandaawwan keessootiin dalagame abbummaa buufata galaanaa akka dhabnu nu taasiseera jedhan. Gantummaan garee aangoo mataa ofiif malee dantaa biyyaalessaaf dursa hin kennine, biyya ganuun dantaa biyyaalessaa irratti jal’ina dhiifama hin qabne raawwataniiru jedhani. Itiyoophiyaan haqa malee abbummaan buufata galaanaa ishee irraa mulqabuun, Dorgommii daldala idil-addunyaa gama galii fi baasiitiin hir’isuu bira darbee naannichi mandhee shororkeessitootaa akka ta’u taasiseera jedhani. Jijjiirama biyyaalessaa booda Itiyoophiyaanonni ejjennoo waloo qabatanii dhimma abbummaa buufata galaanaa akka ajandaa dantaa biyyaalessaa tarsiimootti dhiyeessuun, seenaa dabe sirreessuuf dhimma barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi abbummaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa wiirtuu dantaa biyyaalessaa tarsiimoo ta’ee fi beekamtii idil-addunyaa argachaa ture ta’uu ibsaniiru. Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaas tumsa naannoo fi cimina guddisuun nagaa, guddina diinagdee, fi qindoomina gabaaf bu’uura ta’uu ibsaniiru. Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii keessatti qorataa imaammataa fi tarsiimoo kan ta’an Dr. Tamsgeesn Waalellinyi akka jedhanitti, Buufatni galaanaa Itiyoophiyaaf qananii osoo hin taane, dhimma lubbuun jiraachuuti. Itiyyoophiyaan buufata galaanaa tarsiimoo keessaa bahuun ishee waggoota kurnan sadii oliif jireenya lammiilee irratti dhiibbaa kan geessise yoo ta’u, sirna loojistikii irratti dhiibbaa guddaa kan uume ta’uu hubachiisaniiru. Yeroo ammaa ijji biyyoota guddtanaii kan irra qubate naannoon Galaana Dimmaa, Itiyoophiyaanonni abbummaa seena qabeessaa fi seera qabeessa ta’e deebifachuuf tattaaffiin taasisaa jiran cimee itti fufuu akka qabus hubachiisaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti qonna Gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 89 ol qotamee sanyiif qophaa’eera
Jun 21, 2026 1069
Waxabajii 14/2018 (ENA Afaan Oromoo) : Magaalaa Shaggaritti qonna Gannaa baranaaf hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 89 qotamee facaasaaf qophaa’uu Waajjirri Qonnaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise. Magaalaan Shaggar erga hundaa'ee jalqabee, bal'ina lafa qonnaafi gandoota baadiyyaa hedduu of jalatti kan hammate waan taa'eef, dhiyeessii oomisha qonnaatiin naannoo saniifi magaalaaf shoora olaanaa taphachaa jira. Bulchiinsi magaalichaa guddina industiriifi jireenya magaalaa qofa irratti utuu hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuufi qaala’insa jireenyaa tasabeessuuf xiyyeeffannoo addaa qonna magaalaatiif kennee hojjechaa jira. Keessattuu, qonni Gannaa kan oomishni sanyiiwwan midhaanii adda addaa bal’inaan itti argamuufi wabii nyaataa biyyattii keessatti iddoo guddaa qabu, Magaalaa Shaggar keessattis yeroo eeggatee tekinoolojiin deeggaramee akka raawwatamu taasifamaa jira. Bulchiinsi magaalichaa qonna gannaa baranaatiif qotee bultootaaf dhiyeessii sanyii filatamaa, xaa'oo akkasumas deeggarsa tiraaktaraa yeroon geessisuuf hojiiwwan bal’aa raawwachaa tureera. Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Obbo Dajanee Baqqalaa akka himanitti, magaalichatti qonni magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda guddaa akka qabu hubatamee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Haaluma kanaan bara kana magaalichaatti lafa heektaara kuma 95 fi 500 misoomsuuf kan karoorfame yoo ta’u, kana keessaa yeroo ammaa lafti heektaarri kuma 89 qotamee sanyiif qophaa’eera jedhan. Hangaa ammaatti heektaara kuma 3 ol oomishaalee gosa adda addaatiin uwwifamuus himan. Bulchiinsi magaalichaas oomishaa fi oomishitummaa qonnaan bultootaa dabaluuf teeknooloojii qonnaa guutuu akka fayyadaman deeggarsa ogummaa fi bulchiinsaa kennaa jira jedhaniiru. Magaalichatti hanga ammaatti xaa’oo dhihaachuu qabu keessaa dhibbeentaan 81 dhihaachuu eeranii, kana keessaa dhibbeentaan 61 qonnaan bultootaaf dhihaachuu himaniiru. Xaa’oo kompoostii qophaa’e keessaa meetir kuubiin kuma 316 ol qopheeffamuun ooyiruu qonnaatti baafamuu himanii, dabalataan magaalichatti xaa’oo kompoostii varmii kumtaala kuma 13 fi 900 ol qopheessuun yeroo ammaa fayidaarra ooluuf ooyiruu qonnaan bulaarratti baafamuu ibsaniiru. Magaalichatti hojii qonnaa ammayyeessuun oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf hojii hojjetamaa jiruun bara kana lafa magaalichatti misoomu keessaa dhibbeentaan 80 tiraakteeraan kan qotamu ta’uu himaniiru. Hojii kana milkeessuufis kanaan dura magaalicha keessa tiraakteroonni 7 qofa kan turan ta’us yeroo ammaa dachaa hedduun dabaluun lakkoofsi tiraakterootaa magaalicha keessa jiran 67 gahuu himaniiru. Kunis oomishaa fi oomishitummaa qonnaan bultoota magaalichaa dabaluu keessatti gahee olaanaa kan qabudha jedhan. Bara kana akka magaalichaatti sanyii filatamaa gosa adda addaa kumtaala kuma 80 qonnaan bultootaaf dhihaachaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalichatti hubannoo qonnaan bultoonni fayyadama teeknooloojii fi gabbina biyyee irratti qaban dabaluuf leenjiiwwan adda addaa kennamaa turuu eeraniiru. Kanarraa kan ka’e qonnaan bultoonnis hubannoo gaarii waan argataniif bara kana akka magaalichaatti lafa misoomurraa callaa kumtaala miliyoona 4.5 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 2084
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru. Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisan
Jun 20, 2026 1060
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisaniiru. Ministirri muummee appilkeeshinii kana yaa’ii mata duree “ga'ooma dijitaalaa” jedhuun qophaa’erratti argamuun eebbisuusaanii ibsaniiru. Appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhaniiru. Bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Hundaa ol mul’anni Itiyoophiyaa fedhii as dhihoo osoo hin taane , dhugaa harkaa fi dandeettii keenyaan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu ragaa qabatamaa akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa fi obboleeyyii keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon akka tarkaanfannun dhaama jedhan ministirri muummee.
Workishoppii qorannoo guutuu magaalaa shanaffaan akkaadaamii hoggansa Finfinnee boru gaggeeffama
Jun 19, 2026 1662
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Akaadamii Hoggansa Finfinnee workishooppii qo'annoo fi qorannoo guutuu magaalaa shanaffaa boru, Waxabajjii 13 bara 2018 Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeessu beeksise. Workishoppiin kun mata-duree "Hojiiwwan qorannoo furmaata fidan badhaadhina waliigala magaalaa keenyaatiif" jedhuun akka gaggeeffamus eerameera. Daarektarri Qo'annoo fi Misoomma Akaadamichaa Doktar Abinnat Fullaasaa ibsa gaazzexaa kennaniin; akaadamichi imaammatoota fi tarsiimoowwan misooma magaalattis ta'ee biyyattii hojiirra oolchuuf kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Kanaanis, workishoppiiwwan qorannoo adda addaa gaggeessuun rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa magaalattiis ta'ee biyyattiif furmaata saayinsawaa argamsiisuu kan dandeessisan hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Akaadamichi kanaan dura workishoppiiwwan wal-fakkaatan afur gaggeessuu isaa yaadachuun, waltajjii shanaffaa kana irrattis waraqaawwan qorannoo ja'a kanneen furmaata gama-hedduu magaalattii agarsiisan dhiyaatanii akka mari’atamu beeksisaniiru. Kanaanis, qulqullina kenninsa tajaajilaa fi itti quufinsa maamilaa, deeggarsa intarpiraayizootaaf taasifamu guddina daldalaa irratti gahee inni qabu, akkasumas raawwii hojii fi hojiirra oolmaa sirna hoggansaa kanneen hammatan waraqaawwan qorannoo akka dhiyaatan eeraniiru. Dabalataanis, faayidaa hojiirra oolmaa tajaajila elektirooniksii (E-service) itti-gaafatamummaa irratti qabuu fi gamaggama raawwii damee geejjibaa qorannoowwan ilaallatan akka dhiyaatan ibsaniiru. Workishoppiin kun bu'aawwan qorannoo gaggaarii qaamolee qooda fudhattootaaf dhiheesuun, hojiirra ooluu isaanii mirkaneessuu fi ce’umsa beekumsaa uumuuf kan kaayyeffate ta’uusaa ibsaniiru. Waltajjii kana irratti qondaaltotni ol'aanoon bulchiinsa magaalattii, miseensonni boordii, hayyoonni affeeraman dabalatee dhaabbilee qorannoo fi leenjii akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon akka hirmaatan beeksisaniiru.
Sirni Hojii Onlaayinii Ejansichi eegale kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa kan taasisudha
Jun 19, 2026 1368
Waxabajjii 12/2018 (ENA) – Sirni hojii onlaayinii Eejansiin galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa jalqabe tarkaanfii guddaa kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa taasisu ta’uu sadarkaa itti aanaa kantiibaatti Hojii Raawwachiisaan Ol’aanaa Injiinar Wandimmuu Seetaa ibsan . Ejansiin Galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa bifa onlaayinii jiraattonni bakka jiranitti tajaajilamuu danda'an hojii jalqabsiiseera. Injiinar Wandimmuu Seetaa sirna kanarratti akka jedhanitti; tajaajilli onlaayinii kun kenniinsa tajaajilaa gabaabaa fi ifa kan taasisu hojii guddaadha jedhaniiru. Tajaajiloota magaalattii keessatti kennaman si’ataa fi ifa kan taasisan ta’uus eeraniiru. Appilikeeshinichi inistitiyuutii hubannaa namtolchee Itiyoophiyaatiin qophaa'uun isaa kan nama boonsu ta’uusaas eeraniiru. Daarektarri Ol’aanaa Ejansichaa Yooseef Nugusee gamasaaniitiin akka ibsanitti; eejansichi hojmaataa fi sirna riifoormii jalqabe cimsee itti fufeera. Tajaajilli onlaayinii har'a ifatti jalqabame kunis qaama hojii riifoormii kanaa yoo ta'u, kunis kenniinsa tajaajilaa caalaatti saffisaa fi mijataa kan taasisudha jedhaniiru. Kanaanis jiraattonni magaalattii bakka jiran ta'uun, Waraqaa ragaa dhalootaa (Birth Certificate), Tajaajila waraqaa eenyummaa (ID Services) fi Ragaa gaa’ilaa, karaa onlaayiniitiin gaafachuun salphaatti argachuu akka danda'an ibsaniiru. Dabalataanis, appilikeeshiniin onlaayinii haaraan kun sanadoota sobaa fi eenyummeessaa sobaa guutummaatti ittisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru. Walumaagalaan, appilikeeshiniin kun kenna tajaajilaa kan saffisiisu dhaabbata guddaa ta’uu beeksisaniiru.
Ispoortii
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 2485
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti
Jun 15, 2026 2126
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa lammaffaa ramaddii shanaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Kootdivowar Ikuwaadooriin 1 fi 0'n mo’atteetti. Tapha halkan walakkaa Istadiyeemii Fiilaadelfiyaatti taasifameen, taphataan jijjiiramee seene Amaadii Diyaaloo daqiiqaa 90ffaa irratti goolii injifannoo lakkoofsiseera. Biyyi Afriikaa Kootdivowar tapha kanaan carraawwan goolii argamsiisan fooyya'oo ta'an uumtee turte. Ikuwaadoor dambalii kubbaa harka qabaachuu irratti caalmaa haa qabaattu malee, yaalii goolii kallattii isaa eege tokko qofa qofa taasifteetti. Kootdivowaar Waancaa Addunyaa baranaatiin biyya Afriikaa injifannoo galmeessite ishee jalqabaa taateetti. Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni Afriikaa 10 hirmaachaa jiru. Ramaddii Shanaffaa kanaan tapha kaleessa taasifame biraatiin, Jarman Kuraasa’aan 7 fi 1n injifatteetti. Gara fuulduraatti taphni ramaddii Jarmanii fi Kootdivowaar gidduutti taasifamu kan eegamu dha. Ikuwaadoor fi Kuraasaa’oo sagantaa ramaddii lammaffaa kanaan tapha biraa kan taasisan ta'a.
Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan
Jun 15, 2026 1738
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Neezerlaandisii fi Jaappaan lama fi lamaan qixa bahan. Istaadiyaamii Daalaasitti tapha jalqabaa Ramaddii 6ffaa galgala taasifameen,Varjiil VaanDaayik fi Kireesensiyoo Saamarviil Neezerlaandisiitiif galchiiwwan lakkoofsiseera. Keetoo Naakamuraa fi Daachii Kaamaadaa immoo galchiiwwan Jaappaaniif galchaniiru. Galchiin Kaamaadaa daqiiqaa 88ffaa irratti lakkoofsise Jaappaaniin qixa taasiseera. Gooliiwwan afran keessatti galchan, tapha walakkaa lammaffaa keessa sochii gaarii taasifameeni. Biyyoonni lamaan ramaddii 6ffaa keessatti qabxiisaanii jalqabaa argataniiru. Ramaddii kanaan biyyi Siwiidin fi Tuuniziyaa waliin barii sa'aatii 11:00 irratti Istadiyaamii Moontireeyitti tapha isaanii taasisaniiru.
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni dandeettii ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 2485
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Jiraattonni Magaalittii itti gaafatamummaa isnii ba’achuudhaan naannoo isaanii balaa Lolaarraa eeguu qabu - kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 23, 2026 163
Waxabajjii 16/2018 (ENA):- Jiraattonni magaalaa keenyaa bo’oo lolaa qulqulleessuudhaanii fi kosii sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa lolaarraa eeguu qabu jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee waamicha dhiheessan. Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin ergaa dabarsaniin, Aanaa Aqaaqii Qaallittiitti bakka yeroo baay’ee balaa Lolaatiif saaxilamu irratti hojii lolaa ittisuu fi qophii ittisa balaa ifatti jalqabsiisneerra jedhan. Aqaaqii Qaallittiin teessuma lafaatiin kutaa Finfinnee gara gadii waan ta'eef; kanaan dura balaa lolaatiif deddeebi'ee miidhamaa turuu isaas yaadachiisaniiru. Guyyaa har'aas naannoo kanaaf dursa kennuudhaan bakkeewwan magaalaa keenya hundatti laggeen yaa’insa uumamaa isaanii eeggatanii akka yaa’an ijaarsoota adda addaa hojjechuu fi sosochii sararoota dhangala'aa qulqulleessuu itti fufsiisneerra jechuun ibsaniiru.. Jaalatamtoota jiraattota magaalaa keenyaa, bulchiinsi keenya hojii ittisaa fi balaan akka hin qaqqabneef hojii qophii dursaarratti hojjechaa jiru irratti dammaqinaan hirmaadhaa jechuun waamicha dhiheessaniiru. Itti dabaluudhaanis, sararoota dhabamsiisa dhangala’aa qulqulleessuudhaan, kosii gara lolaan yaa’utti gatuu dhiisuu fi sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa Lolaarraa eegaa jechuun dhaamaniiru
Godina Wallagga Lixaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'eera
Jun 23, 2026 112
Waxabajjii 16/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'uu isaa Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera. Waajjira Qonnaa godinichatti Durasaan garee eegumsa qabeenya uumaamaa Obbo Fiqruu Biraanuu, sagantaa ashaaraa magariisaa kanaaf qophiin biqiltootaas ta'ee lafaa xumuramuu isaa ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin godinichatti aanaalee hundatti biqiltoonni faayidaa hedduu qaban miiliyoona 328 ol akka dhaabaman eeraniiru. Biqiltoota qophaa'an keessaa avokaadoo, paappaayaa, muuzii, burtukaana, Appilii fi kanneen bosonaatiif oolan biqiltoonni hedduun qophaa'uu isaanii kaasaniiru. Hojiin biqiltuu magarsuu kun dhuunfaan, mootummaanii fi waldaaleen kan raawwatame ta'uu ibsaniiru. Uummata hirmaachisuudhaan hojii dhaabaatiif boolli miiliyoona 293 qophaa'uusaa eeraniiru. Kanaanis namoota gara miiliyoona 1.4 ta'an hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Magaalaa Finfinneetti sochiin duula ittisa Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa Bara 2018 eegalame
Jun 23, 2026 136
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqiitti duulli Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa 2018 eegalameera. Sagantaa jalqabsiisa kana irratti kan argaman itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee fi itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Mgaalichaa Jaanxiraar Abbay akka himanitti, duulli kun yeroo Gannaa hordofee miidhaa namootaa fi qabeenya irra gahu ittisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa sirnaan qoratee furmaata itti fufiinsa qabu kennaa akka ture eeraniiru. Kana keessatti bu’aan qabatamaan galmaa’uu ibsaniiru. Laggeen jireenya dhala namaatiif madda balaa ta’uu osoo hin taane, madda bishaan qulqulluu ta’uu akka qaban hubachiisuun, gara fuulduraattis lageen madda balaa akka hin taaneef misoomni qarqara lagaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhan. Sadrkaa itti Aanaa Kantiibaattii fi hojii gaggeessaa olaanaan magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seetaa gamasaaniitiin magaalaa guddittii keessatti haala balaa irraa bilisa ta’e uumuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Naannoowwan kanaan dura madda balaa turan gara iddoo jireenyaa mijataa fi hawwataa ta’etti jijjiiramuu isaanii akeekaniiru. Hojiin magaalattii mijataa fi jireenyaaf hawwataa taasisuu cimee itti fufuus mirkaneessaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa irratti mul'ata cimaa fi raawwii gaarii qabdi – Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Jun 23, 2026 122
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa irratti mul’ata cimaa fi raawwii gaarii qabdi jedhan Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Pirezidaantiin ‘COP32’ Dr. Geediyoon Ximootiwoos. Mariin kun kan gaggeeffame Waltajjii Torbee Haala Qilleensaa dhaabbanni idil-addunyaa Chaatam Haawus (Chatham House) jedhamu Landanitti qopheesseefi mata duree “Haala Ji’oo-Siyaasaa Qoqqoodame Keessatti Barbaachisummaa Konfiraansii COP mul’isuu ” jedhuun qophaa’e irrattidha. Dr. Geediyoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Pireezidaantii COP32, Pireezidaantii COP30 Andiree Koreyaa Biraazil irraa fi Ministirri Naannoo, Misooma Magaalaa fi Jijjiirama Qilleensaa Turkiyyee COP31 bakka bu’uun marii kana irratti hirmaataniiru. Itiyoophiyaan yeroo kanatti eegumsa haala qilleensaa irratti mul’ata cimaa fi raawwii gaarii agarsiisteetti jedhan Dr. Geediyoon Ximootiyoos. Keessattuu waggoota saddeet darban keessatti tarkaanfiiwwan imaammataan deeggaramanii fi hojiirra oolan ibsaniiru. Pireezidaantii COP32 kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos itti dabaluudhaan, Itiyoophiyaan COP32 irratti hojiiwwan jalqabaa tarkaanfiiwwan COP31, kan Turkii fi Awustiraaliyaa keessummeessaan irraa muuxannoowwan fudhataman irratti kan hundaa’uu fi itti fufinsa isaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas Itiyoophiyaan qindeessitoota COP kanaan duraa waliin qindoominaan hojjechuun tattaaffii waloo akka cimsu hubachiisaniiru. Adeemsa dippilomaasii biyyoota hedduu keessatti abdii deebisee kan kakaasu qajeelfama “Ida’amuu” kan calaqqisiisu ta’uu isaas dubbataniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 6352
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 10807
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.