Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Godina Wallagga Lixaa keessatti daandiiwwan baadiyaa kilomeetira 279 ol ta'uuf hojiin suphaa raawwatame
May 21, 2026 99
Caamsaa13/2018(ENA): Godina Wallagga Lixaatti baatiiwan kurnan darban keessatti daandiiwwan baadiyaa kiilomeetira 279 ol ta'an suphamanii tajaajilaaf ga’uu isaanii Waajjirri Damee Suphaa Daandiiwwanii Godinaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Anaatoolii Tuufaa ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban keessa godinichatti waliin ga’insa daandii baadiyaatiif hojiiwwan bal'aan hojjetamaniiru jedhani. Bara baajataa kanatti waliin ga’insa daandii cinaatti, sababa adda addaatiin kanneen miidhaman daandiiwwan kiilomeetira 329 suphuuf karoorfamee, ji'oota kurnan darban keessatti qofa kiilomeetira 279 suphuun akka danda'ame ibsaniiru. Hojiin suphaa daandii kun sararoota daandii 12 irratti kan raawwatame yoo ta'u, isaanis Aanaalee Aanaaleen, akkasumas Aanaalee Magaalota godinichaa wajjin kan walitti fidu ta'uun isaanii eeraniiru. Hojii suphaa kanaaf birrii miiliyoona 56 ol baasii akka ta'e kan ibsan obbo Anaatooliin, sararoota daandii suphaman keessaa daandiiwwan Gimbi-Gambeelaa-Hoomaa, Ayiraa-Boondaawoo fi Warra jirruu, Abbaa Eebbaa kan geessan keessatti argamu jedhaniiru. Suphamuun daandiiwwanii rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee naannichaa hiikuu bira darbee, sochiiwwan hunda galeessa ariifachiisuun lammiilee hedduufis carraa hojii uumuusaa dubbataniiru. Keessattuu godinichatti bunni sadarkaa olaanaadhaan akka oomishamu yaadachiisanii, ijaaramuun daandii qonnaan bulaan buna dabalatee oomishaalee qonnaa oomishu salphaatti gara gabaatti geessuun fayyadamummaa isaa akka dabalu ibsaniiru. Nageenyi yeroo ammaa godinicha keessatti bu'e hojii suphaa daandii fi hojiiwwan misoomaa biroo hojjechuuf gumaacha guddaa akka taasise hogganaan kun eeranii, daandiiwwan miidhaman suphamanii geejibaaf mijatoo ta'uun isaanii hojiiwwan misoomaa biroos ariifachiisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbataniiru. Jiraataan aanaa homaa qonnaan bulaa Ashaafii Jamaal akka jedhanitti, suphaan daandiiwwaniif taasifame kanaan dura sababa miidhamuu daandiitiin rakkina irra gahaa ture hambiseera. Walitti dhufeenya hawaasummaa fi sochii dinagdee uummataa saffisiisuun caalaatti fayyadamaa gochuuf murteessaa ta'uus ibsaniiru. Naannoo isaaniitti bal'inaan kan oomishamu bunaa fi oomishaalee qonnaa biroo gara gabaa naannolee adda addaatti dhiyeessuun gatii gaariidhaan gurguruufi fayyadamummaa dinagdee isaanii guddisuuf akka dandeessises dubbataniiru. Qonnaan bulaan daandiiwwan suphaman kunniin yeroo dheeraaf tajaajila akka kennaniif eegumsaa fi kunuunsa barbaachisaa akka taasisanis dabalanii dhaamaniiru.
Godinichatti hojiin dhibee Busaa Ittisuu fi to’achuuf dandeessisu haala uummata hirmaachiseen hojjetamaa jira
May 21, 2026 112
Caamsaa13/2018(ENA): Godina Wallagga Bahaatti rooba Gannaa hordofee weerara dhibee busaa ittisuu fi to’achuuf hojiiwwan dandeessisan haala hawaasa hirmaachiseen hojjetamaa akka jiru Waajjirri Fayyaa Godinichaa beeksiseera. Waajira Fayyaa Godinichaatti dursaan garee ittisaa fi to’annoo weerara dhibee Busaa obbo Baay’isaa Ayyaanaa akka ibsanitti; Ganni seenuun walqabatee weerara dhibee Busaa mudachuu danda'u to’achuuf amma irraa eegalee hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru jedhani. Haaluma kanaan, hojiin keemikaala farra-dhibee Busaa biifuu fi Agoobora siree raabsuu dursa kennuun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hojiin qulqullina naannoos haala hawaasa hirmaachiseen raawwatamaa jira jedhaniiru. Naannolee caalaatti dhibee Busaaf saaxilamoo ta’aniif hojii keemikaala biifuu gaggeessuuf keemikaalli liitiriin kumni shan ta'u dhihaachuusaa ibsaniiru. Hojiiwwan jalqabaman caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf, jiraattota naannichaa qindeessuun bakkeewwan bookeen Busaan itti wal hortu duulaan qulqulleessuun raawwatamaa akka jirus dubbataniiru. Kana malees ogeeyyiin fayyaa manaa manatti deemuun sakatta’iinsa gaggeessuun namoota mallattoon dhibee busaa irratti mul’atu gara dhaabbilee fayyaatti geessuun akka qorataman gochaa akka jiran obbo Baay’isaan ibsaniiru. Dhaabbilee fayyaa godinichaa keessatti qorichi dhibee busaa fi tajaajilli yaalaa gahaan akka guutamu kan taasifame yoo ta’u, aanaalee kudha torban hunda keessattis raabsaan agoboraa ittisa dhibee busaa raawwatamuusaa ibsaniiru. Hawaasni qulqullina akka aadaatti fudhachuun bishaan kufamee jiru dhangalaasuu fi daggala tamsaa'ina dhibee busaaf mijatoo ta'an qulqulleessuu irratti hirmaachuu akka qabu dhaamaniiru. Jiraattonni godinichaas dhibee busaa ittisuun fayyaa isaanii eeggachuuf naannoo isaaniitti gurmaa’anii hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Ogeeyyiin fayyaa hanga ganda isaaniitti argamuun qulqullina naannoo isaanii eeggachuun akkamitti dhibee busaa irraa of ittisuu akka qaban gorsa kan kennan ta’uun, qajeelfama kennameefis hojiirra oolchaa akka jiran dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti bara kana qonna Arfaasaarraa oomisha ga’aa argachuuf eegumsaa fi kuunsurraatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
May 21, 2026 107
Camsaa 13/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara kana qonna Arfaasaan sanyii midhaanii facaafamaniif hojiin eguumsaa fi kunuunsaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise. Itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaa ENAtti akka himanitti, naannichatti bara kana qonna waqtii Arfaasaan lafa heektaraa miliyoona 1.9 irratti oomishaalee adda addaan misoomsuun calla kuntaala miiliyoona 46 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhani. Qonnaan bultootaaf galteewwan omishaaf omishtumma dabalan akkasumas tekinoolojiiwwan qonnaa dhiyaachuu ibasaniru. Naannichatti qonna Arfaasaa lafa hektaara miliyoona 1.9 kan karoorfamee lafa hektara miliyoona 1.99 irratti sanyii gosotaa garaagaraan uwwisameera jedhan. Naannichatti bara kana qonna Arfaasaarraa oomisha ga’aa argachuuf eegumsaa fi kuunsurraatti xiyyeeffannoo addaa taasisuun hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhani. Obbo Bariisoon akka jedhannitti,yeroo amma hojiin eguumsa fi kunuunsa midhaanii bal’inaan hojjetama kan jiruu yoo ta’u, keemikaalonni farra aramaa fi farra ilbiisootaa qonnaan bultootaaf dhiyyaachaa jiraachuu himaniru. Akkasumas qonnaan bultoonii maatii isaanii hawaasaa naannoo waliin bifa gurmiitiin sanyii faca’ee biqile shooggaraa fi aramaa jiru jedhaniiru. Bara kana roobni waqtii Arfaasaa yeroon haala gahaa ta'een waan roobeef qonnaan bultoonnis haamilee guutuun,hojii kana hojjechaa jiru jedhaniiru. Qonnaa waqtii Arfaasaa kanaa irratti ogeeyyii fi hoggantoonni sadarkaan jiran lafa qonnaa dursanii qopheesuurraa eegalee qonnaan bultootaaf gorsa ogummaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu himaniiru. Naannichatti Godinaalee 11 qonni Arfaasaa bal’inaan itti omishamu keessaa Godinaaleen Boorana Bahaa, Gujii, Arsii, Harargee Bahaa fi Lixaa, Baalee Bahaa fi Godinaalee Shawaa Bahaa ni argamu. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Hospitaalota waliin qindoomanii hojjechuun hojiiwwan qorannoo fayyaa caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf dandeessisa
May 21, 2026 115
Caamsaa13/2018(ENA) : Hospitaalota waliin caalaatti qindoomanii hojjechuun qorannoo furmaata fayyaa uummataa ta'an bu'a qabeessa gochuuf akka dandeessisu Daarektarri Olaanaan Instituutii Qorannoo Armaawar Hansan Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ibsan. Instituutiin Qorannoo Armaawar Hansan Hospitaala Ispeeshaalayizdii Qiddus Pheexiros, Tajaajila deeggarsa Qaama Itiyoophiyaa (EPOS) fi Hospitaala Waliigalaa Ekkaa Kotobee waliin qindoominaan hojjechuuf kan dandeessisu sanada walii galtee mallatteessee jira. Daarektarri Olaanaan Instituutii Qorannoo Armaawar Hansan Piroofeesar Afawarqi Kaasuu wayita sana akka ibsanitti, walii galteen kun dhaabbilee sektera fayyaatiin uummata Itiyoophiyaatiif furmaata waaraa kennuu danda'an waliin caalaatti hojjechuuf faayidaa gudddaa qaba. Qunnamtii Hospitaalota Federaalaa waliin jiru gara dhaabbatummaatti fiduun, hojiiwwan qorannoo kallattiin uummata fayyadan hospitaalota adda addaa keessatti hojjechuuf akka dandeessisu dubbataniiru.   Walii galteen har'aa hariiroo kana kan cimsu ta'uu ibsuun, kunis kenninsa qulqullina tajaajila fayyaa eegsisuuf gaheen isaa olaanaa akka ta'e dubbataniiru. Hojiiwwan qorannoo bal'isuuf gara fuulduraatti hospitaalota biroo, buufataaleen fayyaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo waliin walii galtee mallatteessuun faayidaa biyyaatiif akka oolu kan taasifamu ta'uu eeraniiru. Gama biraatiin, hogganaan hojii tajaajila Deeggarsa Qaamaa (EPOS) Doktar Taarikuu Taaddasaa, dhaabbata guddaa fi filatamaa akka Armaawar Hansan waliin hojjechuun hojiiwwan qorannoo tajaajilichaa fuulduraatiif murteessaa ta'uusaa ibsaniiru. Walii galteen kun keessattuu kalaqawwan teekinoolojii fooyya'oo (Innovations) oomishuuf, meeshaalee alaa galan biyya keessaan bakka bu'uuf fi gahuumsa namoota deeggarsa qaamaa barbaadaniidhaaf tajaajila bal'isuuf dandeettii guddaa kan uumu ta'uun ibsameera. Hojii gaggeessaa olaanaan Hospitaala Ispeeshaalayizdii Qiddus Pheexiroos Doktar Abirahaam Asheetuu, Instituutiin Qorannoo Armaawar Hansan keessattuu yaalaa fi qorannoo TB (daranyoo sombaa) irratti milkaa'ina guddaa galmeessisuu isaa yaadachiisaniiru.   Qorannoo fi qo'annoo sadarkaa Addunyaatiin hojjechuuf institiyuuticha waliin tumsuun hospitaalichaaf dandeettii guddaa akka uumu ibsaniiru. Kanaan dura Armaawaa Hansan waliin hojiiwwan waliin jalqaban bu'aawwan jajjabeessoo hedduu argamsiisuu kan dubbatan immoo Hojii gaggeessaa Hospitaala Eekka Kotobee Doktar Magarsaa Alamuuti. Dhaabbilee akkasii waliin bal'inaan hojjechuun sektera fayyaa keessatti jijjiirama gaarii hedduu fiduu akka danda'u amantaa qaban ibsaniiru. Walii galteen kun dhaabbileen kunniin caalaatti walitti dhiyaatanii akka hojjetan kan dandeessisu yoo ta'u, dhimmoota ijoo irratti xiyyeeffataman keessaa leenjiiwwan ijaarsa dandeettii, hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasummaa keessatti akka ta'e ibsameera.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Hariiroo seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gara sadarkaa olaanaatti kan guddise hojiin dippiloomaasii milkaa’aa hojjetameera
May 21, 2026 172
Caamsaa 13/2018 (ENA): Hariiroo seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gara sadarkaa olaanaatti kan guddise hojiin dippiloomaasii milkaa’aa hojjetameera jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo. Hariiroon biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu Itiyoophiyaa gara marsaa olaanaatti akka tarkaanfatu kan dandeessise hojiin dippilomaasii milkaa’aan hojjetamuusaas ibsaniiru.   Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo taateewwan gurguddoo waltajjiiwwan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu irratti raawwataman irratti ibsa Miidiyaaleef kennaniiru. Ibsa kennaniin, torbee darbe waltajjiiwwan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu irratti hojjetamee tumsa, walta’iinsaa fi carraa invastimantii Itiyoophiyaa mirkaneesse ta’uu ibsaniiru. Waltajjiiwwan qunnamtii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduunis hirmaannaa dippilomaasii cimaa fi dammaqina qabeessa ta’e akka dandeessisan yaadachiisaniiru. Fakkeenyaaf, walii galteen biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gidduutti taasifameen michummaa seena qabeessaa fi cimaan biyyoota lamaanii waggoota 120 oliif kan turee fi dhaabbataa taasisuu isaa dubbataniiru. Waltajjiin marii caasaa biyyoota lamaanii fi waliigalteen biyyoota gidduutti taasifames hariiroo dippilomaasii cimsuu fi hariiroo naannoo fi idil-addunyaa cimsuu isaa ibsaniiru. Waliigalteen biyyoota lamaanii kun tumsa daldalaa fi invastimantii, nageenyaa fi ittisa biyyootaa sadarkaa haaraatti ceesisuun badhaadhina diinagdee waliinii mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uus hubachiisaniiru. Mariin dippilomaasii hoggantoota olaanoo mootummaa Itiyoophiyaa fi Ameerikaatiin gaggeeffame michummaa seenaa gara walta’iinsa guddaatti jijjiiruu keessatti hiika guddaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjiiwwan biyyoota lamaanii irrattis fakkeenya guddina diinagdee fi badhaadhina Itiyoophiyaa fi haala ji’oo-siyaasaa Gaanfa Afrikaa irrattis mari’achuu ibsaniiru. Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakiroon daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti taasisanis waliigalteewwan tumsaa michummaa seena qabeessa biyyoota lamaanii daran cimsan mallatteessuun isaanii ni yaadatama. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waggaa 80ffaa hundeeffama Itiyoophiyaa, ergama nagaa eegsisuu milkaa’aa fi seenaa waliin qabdu yaadachuuf ashaaraa addaa kaa’uu isaa eeraniiru. Itiyoophiyaan tumsa dippilomaasii biyyoota hedduu fi walitti dhufeenya seenaa qabduuf kutannoo qabaachuu isheetiif ragaadha jedhan. Walgahii Ministiroota Dhimma Alaa ‘BRICS’ Hinditti gaggeeffame irrattis Itiyoophiyaan sirni biyyoota hunda tajaajilu haqaan akka diriiru ejjennoo qabdu ibsiteetti. Walgahii ‘BRICS’ kanaan alattis hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf biyyoota miseensa ta’an waliin marii bu’a qabeessa ta’e gaggeessuu isaanii ibsaniiru. Dippilomaasii lammiilee giddu galeessa godhateen nageenya lammiilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa fi Sa’uudii Arabiyaa keessa jiraatan mirkaneessuuf mariin gaggeeffamaa akka tures eeraniiru. Itiyoophiyaan abbummaa haqa qabeessa, seera qabeessa, teessuma lafaa fi seenaa Buufata galaanaa kanarratti qabdu irratti hubannoo uumuuf tattaaffiin dippilomaasii taasifamu cimee itti fufuus mirkaneessaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Paartichi Hojiiwwan Fayyadamummaa Uummataa Mirkaneessan hojjeteera
May 20, 2026 879
Caamsaa 12/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa naannoo Oromiyaatti dameewwan Qonnaa, Industirii, Tajaajilaa fi kanneen birootiin hojiiwwan fayyadamummaa uummataa guddisan raawwachuusaa Itti-anaan Pireezidanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Paartiin Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa fi Bulchiinsa Magaalaa Ambootti duula nafiladhaa gaggeesseera.   Sirna duula nafiladhaa kana irratti kan argaman Itti Aanaan Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa waggoottan darban keessa hojiiwwan misoomaa jireenya uummataa fooyyessan raawwateera jedhaniiru. Dabalataanis, fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf hojii hojjetameen bu'aan hundagaleessi argamaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu naannoo Oromiyaatti dameewwan qonnaa, industirii, tajaajilaa fi kanneen birootiin hojiiwwan fayyadamtummaa uummataa guddisuu danda'an hedduun raawwatamuu isaanii eeraniiru. Paartichi misooma hawaas-dinagdee mirkaneessuun, haqni, wal-qixxummaanii fi tokkummaan dimokiraasii akka guddatu akkasumas waliin jireenyi akka cimu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Bulchaa olaanaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa Guddataa akka ibsanitti; Badhaadhinni paartii jijjiirama hawaas-dinagdee mandhaalee qabatee ka'eedha jedhaniiru. Godinichatti waggoottan jijjiiramaa darban keessa inisheetivoota misoomaa mootummaan naannichaa qopheesseen hojiiwwan bal'aan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamuu isaanii dubbataniiru. Waggoottan jijjiiramaa darban keessa Amboo dabalatee magaalaawwan biroo keessattis sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuuf hojiin bal'aan hojjetamuu kan ibsan immoo Kantiibaa Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuuti. Paartichi hojiiwwan misoomaa qabatamaa qonna magaalaa fi dameewwan biroo keessatti qulqullinaan hojjechuusaa addeessaniiru.
Dhaabbileen Siivikii filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti qooda hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsanii itti fufuu qabu
May 20, 2026 615
Caamsaa12/2018(ENA): Dhaabbileen siivikii filannoo waliigalaa torbaffaa keessatti gahee hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsaanii itti fufuu akka qaban Itti Aanaan Daarektara Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivikii Itiyoophiyaa Fasiikaaw Mollaa hubachiisan. Waltajjii marii ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa waliin ta'uun mata-duree “Gahee Miidiyaalee Milkaa'ina Filannoo Dimokiraasii Keessatti” jedhuun waliin qopheessan magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jiru. Waltajjiin kun filannoo dimokiraasii fi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun itti gaafatamummaa qaama dhimmi ilaallatu hundaa ta’uusaa hubachiisuuf kan qophaa’eedha. Marii kanarratti Ministira Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaay, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, itti aanaa dariktara Abbaa Taayitaa Dhaabbilee hawaasa siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, gaggeessitoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaalee,hoggantoonni miidiyaalee fi gaazexeessitoonni hirmaataniiru. Waltajjicharratti,Itti Aanaan Daarektera Olaanaa Dhaabbilee Hawaasa siivikii Fasiikaaw Mollaa akka jedhanitti hawaasni siivikii filannoo walii galaa 7ffaa keessatti gahee hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Filannoo dimokiraasii fi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun dirqama waliinii ta’uu eeranii, gaheen dhaabbilee siivikiis baay'ee murteessaa ta'uu kaasaniiru. Gaheen dhaabbilee siivikii yeroo filannoo taajjabdummaa qofa osoo hin ta’iin, lammiileen ijaara sirna dimokiraasiitiif itti gaafatamummaa fi abbummaadhaan akka dhaabbatan gochuu keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabu jedhaniiru. Kanaanis, dhaabbileen kun lammiileen waa’ee barbaachisummaa filannoo irratti hubannoo gahaa akka argatan gochuu keessatti gaheen isaanii ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Hawaasni adeemsa filannichaa keessatti hirmaannaa ho’aa akka ta’u dandeessisuurratti xiyyeeffatanii hojjachaa akka turan eeranii, tattaaffii isaanii kana cimsuun itti fufuu akka qabanis dubbataniiru. Gama biraatiin, itti aanaan Daarektera Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa obbo Gizawuu Tasfaayee, miidiyaaleen gabaasa filannoo ilaalchisee hojjatan seera hordofanii hojjachaa jiraachuu isaanii hordofamaa akka jiru ibsaniiru. Miidiyaaleen kakaasii fi yeroo beeksisa bilisaa paartilee siyaasaatiif ramadame fayyadamuu irratti rakkoon akka hin uumamne dubbataniiru. Miidiyaaleen yeroo filannootti ijaarsa nageenyaa irratti akka xiyyeeffatan abbaan taayitichaa hojjachaa akka turee fi cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru. Yeroo filannootti naamusni eegamuu qabu akka kabajamu; hojiiwwan hojjatamaa jiranii fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf hojiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu hojjatameera jedhaniiru. Miidiyaaleen sagantaa Boordiin Filannoo Biyaalessaa baase bu’uura godhachuun gabaasaalee adda addaa filannoo ilaalchisan uummataaf dhaqqabamaa gochaa turuu isaanii eeranii, kanaanis ijaarsa sirna dimokiraasiitiif gahee isaanii ba’achaa turaniiru jedhaniiru. Xumura irratti, hirmaattota paanalichaa irraa gahee miidiyaalee fi dhaabbilee hawaasa siivikii yeroo filannoo ilaalchisee yaadonnii fi gaaffileen kan ka'an yoo ta'u, mariisistootaan deebii fi ibsi irratti kennameera.
Pirojektoota misoomaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessan bu’uura kaa’uun cimee itti fufa
May 20, 2026 581
Caamsaa 12/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa bu’uura fayyadamummaa lammiilee kaa’uuf tattaaffii taasisaa jiru itti fufa jedhan Hogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Damee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Paartii Badhaadhinaa obbo Namarraa Bulii. Duulli filannoo paartichaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Haluutti bakka hooggantoonni naannoo fi godinaa argamaniiru gaggeeffameera.   Duula filannoo kanarratti hirmaattotaaf haasawa kan taasisan Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Namarraa Bulii, Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti pirojektoota fayyadamummaa lammiilee fi guddina biyyaa mirkaneessu caalaatti cimsuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru. Paartichi pirojektoota misooma magaalaa fi baadiyyaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessu raawwachuudhaan gama bulchiinsaatiin hawaasa walitti dhiyeenyaa fi haqaan tajaajiluuf ciminaan kan hojjatu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis lammiileen hiyyummaa jalaa bilisa ta’anii jireenya fooyya’aa akka jiraataniifi nageenyi waliigalaa isaanii akka mirkanaa’uuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Lammiilee aadaa hojii isaanii naannicha keessatti fooyyessanii fi fayyadamummaa ofii fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf kutannoo qaban oomishuun biyyi keenya mallattoo badhaadhina akka taatu ciminaan hojjachuu itti fufa jechuun ibsaniiru obbo Namarraan.   Bulchaan Olaanaan Godina Iluu Abbaa Booraa obbo Indaalkachoo Tafarii akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti hojiiwwan bal’aa Godinicha keessatti hojjetee fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessu cimsee itti fufa jedhaniiru. Akkasumas, yaada ida’amuutiin qajeelfamuun guddinaa fi badhaadhina Godinichaa mirkaneessuuf hojii isaa cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Sagantaan sagalee kennuu filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 akka gaggeeffamu beekamaadha. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Hubannoo waloo lammiilee dantaa biyyaalessaa irratti qaban cimsuu keessatti gaheen miidiyaa guddaadha
May 20, 2026 390
Caamsaa 12/2018 (ENA): Miidiyaan hubannoo waloo lammiileen Itiyoophiyaa dantaa biyyaalessaa irratti qaban cimsuuf ga’ee olaanaa qaba jedhan De’eetaan Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Tasfaahun Gobazaayi. Waltajjiin ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa mata duree “Gahee Miidiyaa Milkaa’ina Filannoo Dimokiraatawaaf” jedhuun qopheessan magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjiin kun filannoo dimokiraatawaa fi haqa qabeessa gaggeessuun itti gaafatamummaa waloo qooda fudhattoota hundaa ta’uu ibsuuf kan qophaa’edha.   Waltajjicharratti Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, Innaataalam Mallas, De’eetaan Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, Tasfaahun Gobazaay, Hojii Gaggeessaa Olaanaa ENA Sayifee Darribee, Itti aanaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, hoggantoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaa, hoggantoonni miidiyaa fi gaazexeessitoonni argamaniiru. Obbo Tasfaahuun Gobazay, Gaazexeessitoonni Filannoo waliigalaa 7ffaa yeroo gabaasa dhiyeessan karaa dantaa biyyaalessaa itti eegan ta’uu isaa haala mirkaneessu danda’uun hojjechuu akka qaban dubbataniiru.   Hojii gaggeessaan ENA obbo Sayifee Darribee akka jedhanitti, filannoo kana ilaalchisee hojiiwwan walfakkaatan qooda fudhattoota waliin ta’uun hojiin hojjetamu cimanii itti fufu jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Filannoo Waliigalaa 7ffaatiin haalli mijataan hirmaannaa Siyaasaa Hawaasa hundaa uumuun danda'ameera
May 20, 2026 489
Caamsaa12/2018(ENA) : Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan hirmaannaa siyaasaa kutaa hawaasa hundaatiif haala mijeessu uumuun akka danda'ame Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiise. Akka sagantaa boordii filannoo biyaalessaa Itiyoophiyaatti, filannoo waliigalaa Caamsaa 24/2018 sagaleen kan itti kennamu jedhamu kanaaf guyyoonni muraasni qofti hafaniiru. Galmeen filattootaa filannoo waliigalaa baranaa boqonnaawwan adda addaatiin dheerachuun gaggeefamaa turuun, Guraandhala 28 hanga Ebla 24/2018tti gaggeeffamee xumurameera. Filattoonnis tooftaa dijitaalaatiin appilikeeshinii "mircaayee" jedhamuu fi buufataalee filannootitti qaamaan argamuun, lammiileen miiliyoona 50 fi kumni 514 ol ta'an kaardii filannoo isaanii fudhatanii jiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaan paartileen morkattootaa 47 ta'an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934 galmeessisuun, miidiyaalee adda addaatiin yaada imaammata isaanii uummataaf beeksisaa jiru. Boordii Filannoo Biyaalessaa irraa beekamtii kan argatan dhaabbileen biyya keessaa 55 naannoolee adda addaatti bakka bu'oota kuma 60 fi 277 ol bobbaasaniiru. Barnoota filattootaa irratti dhaabbileen siivikii beekamtii argatan 169 uummata filatuuf leenjii fi hubannoo uumuu kennaa jiru. De’eetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Huuriyaa Alii ENA’f akka ibsanitti; adeemsa filannoo kanaan hirmaannaa siyaasaa dubartootaa, dargaggootaa fi namoota qaama miidhamtootaa mirkaneessuuf haalli mijataan uumameera. Filannoo waliigalaa baranaatiif lakkoofsi uummataa ol’aanaan galmaa’uun isaa, hirmaannaa lammiilee guddisuu keessatti dhimma biyyaalessaa dandeessisu uumamuu isaa akka agarsiisu ibsaniiru. Adeemsa filannichaa dimokiraatawaa fi nageenyasaa eegsisuuf filannoowwan adda addaatiin hojiin uummata dammaqsuu fi hubannoo uumuu hojjetamuu isaa kaasaniiru. Fakkeenyaaf, buufatni filannoo namoota qaama miidhamtootaaf mijataa akka ta'uu fi hirmaannaa si'aawaa qoodamtoota hawaasa hundaatiif hojiin hojjetameera jedhan. Fuuldurattis filannichaa bilisa, dimokiraatawaa fi haqa-qabeessa gochuuf hirmaannaan ho’aa taasisuun akka isaanirraa eegamu kaasaniiru. Kutaan hawaasaa haalota adda addaa keessa kan jiranis filannicha irratti akka hirmaataniif haalli mijateera. Lammiileenis kaardii filannoo fudhatan bu'uura godhachuun paartii siyaasaa biyyaaf fayyada jedhaniif sagalee kennuun hirmaannaa siyaasaa ho’aa gochuu akka qaban hubachiisaniiru.
Adeemsota murteesoo biyyaa kanneen akka filannoorratti qoodni miidiyaalee olaanaadha – Ministira Innaatalam Mallas
May 20, 2026 449
Caamsaa 12/2018(ENA) : Adeemsota biyyaalessaa murteessoo kanneen akka filannoo keessatti gaheen miidiyaalee baay'ee ol'aanaa ta'uu Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas ibsan. Waltajjii marii ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa waliin ta'uun mata duree “Milkaa'ina Filannoo Dimokiraatawaatiif gahee Miidiyaalee” jedhuun qophaa'e magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira. Waltajjiin kun filannoo dimokiraatawaa fi haqa qabeessa ta'e gaggeessuun itti gaafatamummaa waliinii qooda fudhattoota hundaa ta'uu hubachiisuuf kan qophaa'e dha. Marii kanarratti Ministira Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaay, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, itti aanaa dariktara Abbaa Taayitaa Dhaabbilee hawaasa siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, gaggeessitoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaalee,hoggantoonni miidiyaalee fi gaazexeessitoonni hirmaataniiru.   Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas waltajjicharratti haasaa taasisaniin, adeemsota biyyaalessaa murteessoo akka filannoo keessatti gaheen miidiyaalee baay'ee ol'aanaadha jedhaniiru. Miidiyaaleen waliigaltee biyyaalessaa uumuu, dammaqinsa siyaasaa lammiilee guddisuu fi sirni itti-gaafatamummaa qabu akka uumamu gochuu keessatti dandeettii guddaa qabu jedhaniiru. Kana malees, ijaarsa biyyaa keessatti, uummata beksisuu fi hojiif kakaasuu keessatti gahee bakka bu'uu hin qabne akka qaban eeranii, keessattuu adeemsota biyyaalessaa murteessoo akka filannoo keessatti gaheen miidiyaalee baay'ee ol'aanaa ta'uu ibsaniiru. Adeemsa filannichaa iftoomina fi itti-gaafatamummaa qabuun hordofuu fi gabaasuun, nagaa, dimokraatawaa, hirmaachisaa fi amanamamaa ta'ee akka xumuramuuf itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qabanis hubachiisaniiru. Guyyoota filannoof hafan keessattis miidiyaaleen hojii isaanii kana cimsanii akka itti fufan dhaamaniiru. Gama biraatiin, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan uummata qopheessuu keessatti hojiileen hedduun hojjetamaa turuu dubbataniiru. Waltajjiin kunis qaama hojii kanaa ta'uu eeranii, cimee kan itti fufu ta'us ibsaniiru.

Hawaasummaa
Godinichatti hojiin dhibee Busaa Ittisuu fi to’achuuf dandeessisu haala uummata hirmaachiseen hojjetamaa jira
May 21, 2026 112
Caamsaa13/2018(ENA): Godina Wallagga Bahaatti rooba Gannaa hordofee weerara dhibee busaa ittisuu fi to’achuuf hojiiwwan dandeessisan haala hawaasa hirmaachiseen hojjetamaa akka jiru Waajjirri Fayyaa Godinichaa beeksiseera. Waajira Fayyaa Godinichaatti dursaan garee ittisaa fi to’annoo weerara dhibee Busaa obbo Baay’isaa Ayyaanaa akka ibsanitti; Ganni seenuun walqabatee weerara dhibee Busaa mudachuu danda'u to’achuuf amma irraa eegalee hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru jedhani. Haaluma kanaan, hojiin keemikaala farra-dhibee Busaa biifuu fi Agoobora siree raabsuu dursa kennuun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hojiin qulqullina naannoos haala hawaasa hirmaachiseen raawwatamaa jira jedhaniiru. Naannolee caalaatti dhibee Busaaf saaxilamoo ta’aniif hojii keemikaala biifuu gaggeessuuf keemikaalli liitiriin kumni shan ta'u dhihaachuusaa ibsaniiru. Hojiiwwan jalqabaman caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf, jiraattota naannichaa qindeessuun bakkeewwan bookeen Busaan itti wal hortu duulaan qulqulleessuun raawwatamaa akka jirus dubbataniiru. Kana malees ogeeyyiin fayyaa manaa manatti deemuun sakatta’iinsa gaggeessuun namoota mallattoon dhibee busaa irratti mul’atu gara dhaabbilee fayyaatti geessuun akka qorataman gochaa akka jiran obbo Baay’isaan ibsaniiru. Dhaabbilee fayyaa godinichaa keessatti qorichi dhibee busaa fi tajaajilli yaalaa gahaan akka guutamu kan taasifame yoo ta’u, aanaalee kudha torban hunda keessattis raabsaan agoboraa ittisa dhibee busaa raawwatamuusaa ibsaniiru. Hawaasni qulqullina akka aadaatti fudhachuun bishaan kufamee jiru dhangalaasuu fi daggala tamsaa'ina dhibee busaaf mijatoo ta'an qulqulleessuu irratti hirmaachuu akka qabu dhaamaniiru. Jiraattonni godinichaas dhibee busaa ittisuun fayyaa isaanii eeggachuuf naannoo isaaniitti gurmaa’anii hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Ogeeyyiin fayyaa hanga ganda isaaniitti argamuun qulqullina naannoo isaanii eeggachuun akkamitti dhibee busaa irraa of ittisuu akka qaban gorsa kan kennan ta’uun, qajeelfama kennameefis hojiirra oolchaa akka jiran dubbataniiru.
Hospitaalota waliin qindoomanii hojjechuun hojiiwwan qorannoo fayyaa caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf dandeessisa
May 21, 2026 115
Caamsaa13/2018(ENA) : Hospitaalota waliin caalaatti qindoomanii hojjechuun qorannoo furmaata fayyaa uummataa ta'an bu'a qabeessa gochuuf akka dandeessisu Daarektarri Olaanaan Instituutii Qorannoo Armaawar Hansan Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ibsan. Instituutiin Qorannoo Armaawar Hansan Hospitaala Ispeeshaalayizdii Qiddus Pheexiros, Tajaajila deeggarsa Qaama Itiyoophiyaa (EPOS) fi Hospitaala Waliigalaa Ekkaa Kotobee waliin qindoominaan hojjechuuf kan dandeessisu sanada walii galtee mallatteessee jira. Daarektarri Olaanaan Instituutii Qorannoo Armaawar Hansan Piroofeesar Afawarqi Kaasuu wayita sana akka ibsanitti, walii galteen kun dhaabbilee sektera fayyaatiin uummata Itiyoophiyaatiif furmaata waaraa kennuu danda'an waliin caalaatti hojjechuuf faayidaa gudddaa qaba. Qunnamtii Hospitaalota Federaalaa waliin jiru gara dhaabbatummaatti fiduun, hojiiwwan qorannoo kallattiin uummata fayyadan hospitaalota adda addaa keessatti hojjechuuf akka dandeessisu dubbataniiru.   Walii galteen har'aa hariiroo kana kan cimsu ta'uu ibsuun, kunis kenninsa qulqullina tajaajila fayyaa eegsisuuf gaheen isaa olaanaa akka ta'e dubbataniiru. Hojiiwwan qorannoo bal'isuuf gara fuulduraatti hospitaalota biroo, buufataaleen fayyaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo waliin walii galtee mallatteessuun faayidaa biyyaatiif akka oolu kan taasifamu ta'uu eeraniiru. Gama biraatiin, hogganaan hojii tajaajila Deeggarsa Qaamaa (EPOS) Doktar Taarikuu Taaddasaa, dhaabbata guddaa fi filatamaa akka Armaawar Hansan waliin hojjechuun hojiiwwan qorannoo tajaajilichaa fuulduraatiif murteessaa ta'uusaa ibsaniiru. Walii galteen kun keessattuu kalaqawwan teekinoolojii fooyya'oo (Innovations) oomishuuf, meeshaalee alaa galan biyya keessaan bakka bu'uuf fi gahuumsa namoota deeggarsa qaamaa barbaadaniidhaaf tajaajila bal'isuuf dandeettii guddaa kan uumu ta'uun ibsameera. Hojii gaggeessaa olaanaan Hospitaala Ispeeshaalayizdii Qiddus Pheexiroos Doktar Abirahaam Asheetuu, Instituutiin Qorannoo Armaawar Hansan keessattuu yaalaa fi qorannoo TB (daranyoo sombaa) irratti milkaa'ina guddaa galmeessisuu isaa yaadachiisaniiru.   Qorannoo fi qo'annoo sadarkaa Addunyaatiin hojjechuuf institiyuuticha waliin tumsuun hospitaalichaaf dandeettii guddaa akka uumu ibsaniiru. Kanaan dura Armaawaa Hansan waliin hojiiwwan waliin jalqaban bu'aawwan jajjabeessoo hedduu argamsiisuu kan dubbatan immoo Hojii gaggeessaa Hospitaala Eekka Kotobee Doktar Magarsaa Alamuuti. Dhaabbilee akkasii waliin bal'inaan hojjechuun sektera fayyaa keessatti jijjiirama gaarii hedduu fiduu akka danda'u amantaa qaban ibsaniiru. Walii galteen kun dhaabbileen kunniin caalaatti walitti dhiyaatanii akka hojjetan kan dandeessisu yoo ta'u, dhimmoota ijoo irratti xiyyeeffataman keessaa leenjiiwwan ijaarsa dandeettii, hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasummaa keessatti akka ta'e ibsameera.
Rakkoo gaanfa Afriikaa mudatu darbuuf aadaa Marii cimsuun barbaachisaadha
May 18, 2026 1240
Caamsaa10/2018(ENA): Gufuuwwan Gaanfa Afriikaatti mudatan ce’uuf, marii hunda hammatee cimsuurratti xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta'uusaa barreessaa olaanaan Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo ibsan. Waltajjiin nageenyaa fi tasgabbii Riijinichaarratti xiyyeeffate Naannoo Somaalee magaalaa, Jigjigaatti geggeeffamaa jira. Fooramichi mataduree "Dhaabbilee naannichaa cimsuu nageenya itti-fufiinsa qabu gaanfa Afriikaa mirkaneessuuf" jedhuun geggeeffamaa jira. Barreessaan Olaanaan Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo waltajjicharratti akka ibsanitti, qormaatilee Gaanfa Afriikaatti mudatan injifachuuf marii hunda hirmaachiseef dursa kennuu fi gamtaa naannichaa cimsuun murteessaa ta'uu ibsaniiru. Milkaa’innii fi carraan biyyoota naannichaa walitti hidhata kan qabu ta'uu kan ibsan barreessaan olaanaan kun, hayyoota waliin ta'uun dhimmoota murteessoo ta'anirratti mari’achuu akka qabanis hubachiisaniiru. Rakkooleen Gaanfa Afriikaa furmaata argachuu kan danda'an qindoomina biyyoota naannichaan qofa ta'uu ibsuun, Itiyoophiyaa, Somaaliyaa, Keeniyaa, Jibuutii fi biyyoota biroo kan hammate marii gaggeessuun dhimmoota waliinii irratti wal-amantaa uumuun dhimma barbaachisaadha jedhaniiru. Dr. Warqinaa Gabayyaoo qunnamtii jabaa fi hirmaachisummaa riijinii cimsuun rakkoolee nageenyaa mudatan furuuf murteessaa ta'uusaas ibsaniiru.
Diinagdee
Godina Wallagga Lixaa keessatti daandiiwwan baadiyaa kilomeetira 279 ol ta'uuf hojiin suphaa raawwatame
May 21, 2026 99
Caamsaa13/2018(ENA): Godina Wallagga Lixaatti baatiiwan kurnan darban keessatti daandiiwwan baadiyaa kiilomeetira 279 ol ta'an suphamanii tajaajilaaf ga’uu isaanii Waajjirri Damee Suphaa Daandiiwwanii Godinaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Anaatoolii Tuufaa ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban keessa godinichatti waliin ga’insa daandii baadiyaatiif hojiiwwan bal'aan hojjetamaniiru jedhani. Bara baajataa kanatti waliin ga’insa daandii cinaatti, sababa adda addaatiin kanneen miidhaman daandiiwwan kiilomeetira 329 suphuuf karoorfamee, ji'oota kurnan darban keessatti qofa kiilomeetira 279 suphuun akka danda'ame ibsaniiru. Hojiin suphaa daandii kun sararoota daandii 12 irratti kan raawwatame yoo ta'u, isaanis Aanaalee Aanaaleen, akkasumas Aanaalee Magaalota godinichaa wajjin kan walitti fidu ta'uun isaanii eeraniiru. Hojii suphaa kanaaf birrii miiliyoona 56 ol baasii akka ta'e kan ibsan obbo Anaatooliin, sararoota daandii suphaman keessaa daandiiwwan Gimbi-Gambeelaa-Hoomaa, Ayiraa-Boondaawoo fi Warra jirruu, Abbaa Eebbaa kan geessan keessatti argamu jedhaniiru. Suphamuun daandiiwwanii rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee naannichaa hiikuu bira darbee, sochiiwwan hunda galeessa ariifachiisuun lammiilee hedduufis carraa hojii uumuusaa dubbataniiru. Keessattuu godinichatti bunni sadarkaa olaanaadhaan akka oomishamu yaadachiisanii, ijaaramuun daandii qonnaan bulaan buna dabalatee oomishaalee qonnaa oomishu salphaatti gara gabaatti geessuun fayyadamummaa isaa akka dabalu ibsaniiru. Nageenyi yeroo ammaa godinicha keessatti bu'e hojii suphaa daandii fi hojiiwwan misoomaa biroo hojjechuuf gumaacha guddaa akka taasise hogganaan kun eeranii, daandiiwwan miidhaman suphamanii geejibaaf mijatoo ta'uun isaanii hojiiwwan misoomaa biroos ariifachiisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbataniiru. Jiraataan aanaa homaa qonnaan bulaa Ashaafii Jamaal akka jedhanitti, suphaan daandiiwwaniif taasifame kanaan dura sababa miidhamuu daandiitiin rakkina irra gahaa ture hambiseera. Walitti dhufeenya hawaasummaa fi sochii dinagdee uummataa saffisiisuun caalaatti fayyadamaa gochuuf murteessaa ta'uus ibsaniiru. Naannoo isaaniitti bal'inaan kan oomishamu bunaa fi oomishaalee qonnaa biroo gara gabaa naannolee adda addaatti dhiyeessuun gatii gaariidhaan gurguruufi fayyadamummaa dinagdee isaanii guddisuuf akka dandeessises dubbataniiru. Qonnaan bulaan daandiiwwan suphaman kunniin yeroo dheeraaf tajaajila akka kennaniif eegumsaa fi kunuunsa barbaachisaa akka taasisanis dabalanii dhaamaniiru.
Naannoo Oromiyaatti bara kana qonna Arfaasaarraa oomisha ga’aa argachuuf eegumsaa fi kuunsurraatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
May 21, 2026 107
Camsaa 13/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara kana qonna Arfaasaan sanyii midhaanii facaafamaniif hojiin eguumsaa fi kunuunsaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise. Itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaa ENAtti akka himanitti, naannichatti bara kana qonna waqtii Arfaasaan lafa heektaraa miliyoona 1.9 irratti oomishaalee adda addaan misoomsuun calla kuntaala miiliyoona 46 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhani. Qonnaan bultootaaf galteewwan omishaaf omishtumma dabalan akkasumas tekinoolojiiwwan qonnaa dhiyaachuu ibasaniru. Naannichatti qonna Arfaasaa lafa hektaara miliyoona 1.9 kan karoorfamee lafa hektara miliyoona 1.99 irratti sanyii gosotaa garaagaraan uwwisameera jedhan. Naannichatti bara kana qonna Arfaasaarraa oomisha ga’aa argachuuf eegumsaa fi kuunsurraatti xiyyeeffannoo addaa taasisuun hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhani. Obbo Bariisoon akka jedhannitti,yeroo amma hojiin eguumsa fi kunuunsa midhaanii bal’inaan hojjetama kan jiruu yoo ta’u, keemikaalonni farra aramaa fi farra ilbiisootaa qonnaan bultootaaf dhiyyaachaa jiraachuu himaniru. Akkasumas qonnaan bultoonii maatii isaanii hawaasaa naannoo waliin bifa gurmiitiin sanyii faca’ee biqile shooggaraa fi aramaa jiru jedhaniiru. Bara kana roobni waqtii Arfaasaa yeroon haala gahaa ta'een waan roobeef qonnaan bultoonnis haamilee guutuun,hojii kana hojjechaa jiru jedhaniiru. Qonnaa waqtii Arfaasaa kanaa irratti ogeeyyii fi hoggantoonni sadarkaan jiran lafa qonnaa dursanii qopheesuurraa eegalee qonnaan bultootaaf gorsa ogummaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu himaniiru. Naannichatti Godinaalee 11 qonni Arfaasaa bal’inaan itti omishamu keessaa Godinaaleen Boorana Bahaa, Gujii, Arsii, Harargee Bahaa fi Lixaa, Baalee Bahaa fi Godinaalee Shawaa Bahaa ni argamu. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ijaarsi warshaa xaa’oo biyya keenya keessatti ijaaramuun isaa wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu ni saffisiisa
May 21, 2026 98
Caamsaa 13/2018 (ENA): Ijaarsi warshaa xaa’oo biyya keenya keessatti ijaarame tattaaffii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeshinii Qonnaa Dr. Mandefiroo Nugusee. Mariin paanaalii ENA fi Ministeerri Qonnaa waliin ta’uun mata duree “hirkattummaa irraa gara Omishtummaatti” jedhuun qopheessan magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira.   Dr. Maandafiro Nugusee waltajjicha irratti argmuun akka himanitti, birmadummaa nyaataa mirkaneessuun dhimma lubbuun jiraachuu akka ta’e dubbataniiru. Galteewwan wabii nyaataa mirkaneessu biyya keenya keessatti argamu akka jiru himaniiru. Xaa’oon biyya keessatti akka oomishamuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.   Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf imala saffisiisuu keessattis gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni midhaan kilaastaraan deeggaramee fi qorannoodhaan omishuun oomishtoota bu’aa argamsiisan akka ta’aniif tattaaffiin taasifamaa akka jirus beeksisaniiru. Lafti kamuu lafa hin bahuu hin qabu jechuun hojiiwwan Ministirri Muumee Dr. Abiyyi Ahimad jalqaban bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan. Naannoleen waliin hojjechuun muuxannoo isaanii wal jijjiiruun jireenya hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uuf carraaqqii gochuu akka qabanis akeekaniiru. Biyyi tokko cimtee yoo hojjette ,akka biyyaatti hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uu ni dandeessi jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gargaaramummaa jalaa ba'uu dhimma kabajaa godhatanii hojjechuun barbaachisaadha-Doktar Biqilaa Hurrisaa
May 21, 2026 96
Caamsaa13/2018(ENA): Gargaaramummaa jalaa ba'uun dhimma birmadummaa fi kabaja biyyaalessaa waan ta'eef, milkaa'ina kanaaf qindoominaan tattaafachuun akka barbaachisu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddu-gala Ijaarsa Sirna Demokiraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa hubachiisan.   Mariin paanaalii mata duree “gargaaramummaa irraa gara omishtummaatti” jedhu ENA fi Ministeerri Qonnaa waliin qopheessan magaalaa Dirree Dhawaatti geggeeffamaa jira. Doktar Biqilaa Hurrisaa waltajjii kana irratti barreeffama ka’umsaa marii paanaaliif ta'u dhiheessaniin, midhaan gargaarsaan dhaloota itti fufsiisuun akka hin danda'amne ibsaniiru. Birmadummaan guutuun, birmadummaa nageenya biyyaalessaa, birmadummaa nyaataa,birmadummaa dinagdee,birmadummaa imaammataa,akkasumas birmadummaa aadaa fi eenyummaa ta’uu ibsaniiru. Kanas ka'umsa godhachuun, akka biyyaatti gargaaramaa ta'anii misooma, fedhii, bilisummaa akkasumas, dhaloota itti fufsiisuun waan yaadamuu miti jedhan. Warri gargaarsa kennan fedhii isaanii akka raawwannu nu dirqisiisuun isaanii akka hin oolle beekamee, gargaaramummaa jalaa ba'uun omishtoota ta'uun dhimma birmadummaa guutuuti jedhaniiru. Gargaaramummaan garbummaa waan dhaluuf hanbisuu qabna jedhaniiru. Balaawwan nam-tolchee fi uumamaa mudachuu danda'aniif dandeettii keenya ofiin ijaaruu akka qabnu hubachiisaniiru. Birmadummaa biyyaalessaa guutuu ta'e keessaa gara alaatti mirkaneessaa deemuun barbaachisaa dha jedhaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 527
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’f hojii misooma humna namaa fi kalaqaa ni cimsina
May 20, 2026 260
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf hojii misooma humna namaa fi kalaqaa damichaa cimsuu itti fufna jedhan Pireezidaantonni Yuunivarsiitii ENA waliin turtii taasisan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Muddee 2018 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Tarsiimoon kun waggoota shanan dhufan keessatti networkii dhaloota 5ffaa (5G) guutummaatti argachuu, eenyummaa dijitaalaa babal’isuu fi ogummaa dijitaalaa lammiilee leenjisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo ce’umsaa fi kalaqa teeknooloojii saffisiisuun dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu keessatti gahee qabu. Akka pirezidaantonni yunivarsiitii EZA’n turtii waliin taasise ibsanitti, Dijiitaalaayizeeshiniif haala mijeessuufi galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oole yunivarsiitichaaf haala mijataa uumeera jedhan. Yuunivarsiitichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoota teeknooloojiin deeggaramee fi sirna dijitaalaa qindeessuun hojjechaa jira. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugala misooma kalaqa yunivarsiitichaa keessatti hojiiwwan kalaqaa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Yuunivarsiitichi bu’a qabeessummaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gondar Dr. Asraat Atsadawayin gama isaaniitiin akka himanitti, bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 keessatti yunivarsiitichi gahee isaa ba’eera. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaalee barnootaa Nageenya Saayibarii hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) barsiisuu eegaluusaa ibsaniiru. Sagantaa barnootaa jijjiirama dijitaalaa waliin walqabatu banuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi walta’iinsaa Dr. Taaffasaa Maatiyoos akka ibsanitti, yuunivarsiitichi galma koodaroota miiliyoona 5 oomishuuf galma ga’uuf gahee isaa bahaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi hojii isaa irra caalaa isaa dijiitaala gochuu ibsuun, itti dabaluunis yunivarsitichi tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin wal morkatu
May 10, 2026 1285
Caamsaa 2/2018 (ENA): Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 36ffaa irratti Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin taphatan har’a ni eegama. Taphichi galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Landanitti kan gaggeeffamu ta'a.   Weestihaam Yunaayitid qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, naannoo gadi aanaa keessa jira. Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa jira. Weestihaam torbee 35ffaa irratti Bireenfoordiin 3 fi 0’n mo'amee gara naannoo gadi bu'iinsaatti kan seene Weestihaam, taphni har'aa liigicha keessa turuuf falmii taasisaa jiru keessatti baay'ee murteessaadha. Carraa ofumaa waancaa kaasuu kan qabu Arsenaal yoo injifate gara ulfina isaatti ni dhihaata. Garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban gara shaniitti akka guddisu isaan dandeessisa. Tapha biraatiin ammoo Barniley sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Tarfi Muur irratti Aston Viilaa waliin taphata. Liigichaan kan gadi bu'e Barnileey qabxii 20’n sadarkaa 19ffaa irratti argama. Morkataan isaa Aston Viilaan qabxii 58’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Aston Viilaan yoo injifate gara Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti akka dhihaatu taasisa. Sadarkaa 4ffaa Liivarpuul irraa fudhata. Notingiham Foresti sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Siitii Giraawundi irratti Niwukaastil Yunaayitid waliin taphata. Foresti qabxii 42’n liigichaan sadarkaa 16ffaa irratti argama. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 45’n liigii kanaan sadarkaa 13ffaa irra jira. Foresti meedaa isaarratti yoo injifate carraa liigicha keessa turuu isaa daran guddisa. Torbee 35ffaa irratti Biraayitan 3 fi 1’n injifate Niwukaastil injifannoo walitti aansuun itti fufuuf taphata. Kiristaal Paalaas sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Selhuristi Parki irratti Everton waliin ni taphata. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
May 20, 2026 369
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee. Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru. Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani. Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru. Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru. Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru. Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 612
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 2tuqaa7 irratti  hojiin misooma sululaa raawwatameera 
May 18, 2026 586
Caamsaa10/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti waktii Bonaa bara kanaan Lafa hektaara Miiliyoona 2tuqaa 7 irratti hojiin misooma suluulaa hojjetamuusaa Biiroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Biirichatti Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa, Obbo Katamaa Abdiisaa, ENA’f akka ibsanitti, naannichatti hojiiwwan misooma sululaa waggoottan darban raawwatamaniin lafti duwwaatti hafee ture deebi'ee dandamateera. Kanaanis omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuurrattis bu'aan jajjabeessaan akka galmaa'es dubbataniiru. Muuxannoo kanaan dura argame kana caalaatti cimsuun, bona bara kanaa lafa heektara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misoomaa kun gaggeeffamuu isaa dubbataniiru. Hojii misooma suluulaa kanaan, lafa waliinii fi ooyruu dhuunfaa irratti hojiin daagaa fi ittisaa dabalatee, hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii adda addaa hojjatamuu isaanii eeraniiru. Naannoowwan hojiin misooma suluulaa kun irratti hojjatame kanattis, ganna dhufutti hojii dhaabbii biqiltuu gaggeessuuf boolla qotuu fi qophiiwwan biroon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti hojii misooma sululaa kanaan dura hojjatameen, dhiqama biyyee fi saaxilamummaa lolaa hir'isuun gabbina biyyee waan dabaleef,omishnii fi omishtummaan qonnaa akka guddatu gochuu danda’uusaa eeraniiru. Naannoowwan manca'anii turan deebi'anii misoomuusaaniin,rooba misooma midhaaniitiif mijataa ta’e akka jiraatu dandeessisuusaa ibsaniiru. Haalli qilleensaa fi jiidhinsi mijataan akka uumamu gochuu isaa eeranii, qabeenyi bishaan lafa irraa fi lafa jalaa waan dabaleef, misoomni jallisiis bal'inaan akka gaggeeffamu haalli mijataan uumamuusaa himaniiru. sululoota deebanii misooman kanarratti, nyaata loonii fi misooma fuduraalee fi muduraalee,akkasumas hojii misooma dammaa gaggeessuun,carraa hojii uumuuf shoora olaanaa taphachuu isaa eeraniiru. Laggeenii fi haroowwan gogani deebi'anii bishaan dhugaatii namaa fi loonii, akkasumas horsiisa qurxummii fi tajaajila biroof akka oolan gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisuusaa beeksisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 18791
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 2316
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 4447
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015