ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Gaazzexeessaan ENA duraanii kan turan Dabaalqaw Yirdaaw du’aan Addunyaa kanarraa darban
Jan 25, 2026 17
Amajjii17/2018(ENA)- Gaazzexeessaan ENA duraanii kan turan Dabaalqaw Yirdaaw du’aan Addunyaa kanarraa darbaniiru. Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw Digiriisaanii jalqabaa Yuunvarsiistii Finfinneetti Afaanii fi Hog-Barruun,Digiriisaanii lammataa Qunnamtii Hawaasaa fi Tarsiimoo Koomunukeeshiniin fudhatanii turan. Seenaan Gaazzexeessummaasaanii akka ibsutti, Dabaalqaw Yirdaaw Naannoo Harariitti bakka bu’aa olaanaa ENA ta’uun eegaluusaanii seeenaan jireenyasaanii hubachiisa. Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw gara Waajjira Muummee ENAtti jijiiramuun sadarkaa Ripporteraatii hanga Qopheessaatti tajaajilaniiru. Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw hanga Lubbuun darbanitti, Koorporeshinii hojiiwwan Ijaarsaa Itiyoophiyaatti dursaa garee Pirotokollii ta’uun tajaajilaa turaniiru. Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw bultoo ijaarrachuun abbaa daa’ima tokko yoo ta’an, dhukkuba tasaa isaan mudateen Addunyaa kanarraa lubbuun darbaniiru. ENA’n du’aan lubbuun darbuu Gaazexeessaa duraanii Dabaalqaw Yirdaaw Gadda itti dhagahame ibsaa, Maatii fi Firoottan isaaniif jajjabina hawwa. Sirni Awwaalchaa Gaazexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw har’a guyyaa sa’aatii 7:30tti Bataskaanaa qulquluu dabiresalaam mikaa’ela fexiraa Marhaabeeteetti raawwatameera.
Naannichatti Sirna kenninsa Tajaajilaa si’ataa diriiree fi hojiiwwan misoomaa hojjetamaniin fayyadamummaan hawaasichaa guddachaa jira
Jan 25, 2026 32
Amajjii17/2018(ENA)- Sirni kenninsa tajaajilaa Si’ataan Naannoo Harariitti diriirfamanii fi hojiiwwan misoomaa fayyadamummaa hawaasichaa guddisaa jiraachuu jiraattonni dubbatan. Hojiiwwan misoomaa fi kenna tajaajilaa Hawaasichaa qindoominaan hojjiirra oolchuun fayyadamummaa hawaasichaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamuusaa Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii dubbataniiru. Biiroon Paabilik sarvisii fi Qabeenya Namaa Naannoo Hararii dhimma Bulchiinsa gaariirratti Waltajjii marii Hawaasaa gaggeesseera. Hirmaattonni waltajjichaa gamasaaniin, naannichatti hojiiwwan misoomaa fi kenna Tajaajilaa cimanii akka ittifufan gaafataniiru. Hirmaattota waltajjichaa keessaa Obbo Usmaan Yuusuuf akka jedhanitti, Naannichatti Hawaasa hirmaachisuun hojiiwwan misoomaa hojjetaman fayyadamummaa jiraattotaa guddisaa jiraachu dubbataniiru. Magaalichatti hojii misooma koriideraa fi kanneen birooon hojjetaman gaaffii misoomaa hawaasichaa kan deebisan waan ta’eef cimanii akka itti fufan gaafataniiru. Gaaffii jiraattota magaalichaa kan ture tajaajilli Ibsaa fi Daandii furmaata argateera jechuun Aadde Fantuu Isheetuu dubbataniiru. Magaalittii miidhagsuu fi Daawwattootaa fi jiraattootaafis mijattuu taassisuun yaa’insi Tuuristootaa akka dabaluu gochuun carraa hojii uumuu fi sochiiwwan Diinagdeef haala mijeessuu shaambal Gaashawuu Mulaalam ibsaniiru. Bu’aan hojii kun qindoomina hawaasa fi mootummaan kan dhufe ta’u ibsuun, kenna tajaajila Geejibaa fi Daldaltoota daballii gatii taassisan to’achuurratti ciminaan hojjetamuu qaba jechuun gaafataniiru. Naannichatti hojiin gama Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaan hojjetamaa jiru harka qal’eeyyii deeggaraa jiraachuu fi rakkoowwan kenna tajaajila haqarratti turan dhabamsiifamuunsaa kan jajjabeeffamu ta’uu Aadde Saaraa Yisaaq ibsaniiru. Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii gamasaaniin kenna tajaajila hawaasaa, dhaqqabamummaa misoomaa fi qaala’insa jireenyaa waliin yaada ka’e karooraan qabamuun deebii akka argatan ni taassifamu jedhaniiru. Hojiiwwan misoomaa fedhii hawaasaa bu’uureffatan cimanii akka ittifufan ibsaniiru. Qaala’insa Jireenyaa dhabamsiisuuf omishtummaa guddisuu fi daldaltoota daballii gatii hinmalle raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti Jireenya Horsiisee bulaa foyyessuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira
Jan 25, 2026 27
Amajjii 17/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti humna Hongee dandamachuu danda’u ijaaruun Jireenya Horsiisee Bulaa foyyessuuf hojii hojjetameen bu’aan gaariin argamaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee bulaa ibse. Itti Aanaan Hogganaan Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Injiinar Alamuu Raggaasaa akka dubbatanitti, jireenya Horsiisee bulaa fooyyessuuf dhaqqabamummaan dhiheessii Bishaaniif hojjetamaa jira. Horsiisee bulaan nyaata Beelladaa cinaatti hojii Qonnaarratti hirmaachuun wabii nyaataasaa Mirkaneessuu akka danda’uuf Pirojektii “Finnaa Oromiyaa” jedhu bocee hojiirra oolchaa tureera jedhaniiru. Pirojektoota Finnaa 73 bara 2014 eegalaman keessaa 37 ijaarsisaanii xumuramee tajaajila kennaa kan jiran yoo ta’u, pirojektoonni hafan immoo ijaarsarra jiru jedhaniiru. Pirojektota Kanaan hidhawwan Jallisii xixiqqaa fi gidduugaleessi baay’inaan hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, Horsiisee bulaan hidhaawwan kana bishaan dhugaatii beelladaa fi Misooma Qonnaaf fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Dabalataanis Hidhawwan xixiqqaa misooma nyaata beelladaaf oolchaa jiraachuun, Qonnaan Bulaan Misooma Beelladaarraa fayyadamaa ta’uu eegaluu dubbataniiru. Kana qofa osoo hin ta’iin Horsiisee Bulaan sababoota adda addaan bu’uuraalee misoomaan duubatti hafee akka ture ibsuun, hojiin bu’uuraalee misoomaa guutuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa kannneen akka Daandii, Ibsaa, dhaabbile Fayyaa fi Manneen Barnootaa babal’isuun hojjetamuu ibsuun, kanaanis Horsiisee bulaan humna Hongee dandamachuusaa guddifachuun, omishaataa ta’aa jira jedhaniiru. Biirichatti Daarektarri Bulchiinsa Kontiraakteraa Injiinar Tamasgeen Rundaasaa gamasaaniin, Naannichatti Bishaan lafa keessaa fi lafaarraa sirnaan fayyadamuun fayyadamummaa Horsiisee bulaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hidhawwan Jallisii Ijaarsarra jiran saffisaan xumuruuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.
Humni Qilleensaa Itoophiyaa Asxaa Birmadummaa fi tokkummaa baraa baratti darbedha – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 25, 2026 38
Amajjii17/2018(ENA)- Humni Qilleensaa Itoophiyaa waggoottan 90f cichoomaan Daangaa qilleensa hin sarbane eeguun seenaa birmadummaa samiirratti barra’e, mallattoo birmadummaa fi tokkummaa baraa baratti ce’e dhajechuun Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Humna qilleensaa Itiyoophiyaaf samiin daangaa isatti ta’ee hin beku, Ashaaraa gootummaasaa kan itti mul’isu, gahumsa isaa kan itti madaaluu fi Dirree taphaa birmadummaa biyyaa kan itti labsudha jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa Hawaasummaasaaniin dabarsaniin. Qajeelfamsaa “Samiin kan keenyadha” jedhuun waggaa 90ffaa labseera. Sagaltamni lakkoosaan oli kan jennu sababa malee miti.
Walmorkiin seenaa qabeessii Arsenaalii fi Maanchistar Yuunayitid Hawwiin eegamu har’a galgala gaggeeffama
Jan 25, 2026 39
Amajjii17/2018(ENA)- Taphni Piriimar Liigii Ingiliz sagantaa torban 23ffaan Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid har’a gaggeessan Hawwiin eegama. Taphni Kilaboota lamaanii galgala sa’atii 1:30 Istaadiyeemii Emireetisitti ni gaggeeffama. Arsenaal tapha liigichatti gaggeesseen yeroo15n yoo injifatu,yeroo2 mo’ameera. Yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan Arsenaal galchiiwwan40 yoo lakkoofsisu galchiiwwan14 keessummeesseera. Lenjisaan Lammii Ispeen waggaa 43 kan ta’e Maayikil Arteettaan kan durfamu Arsenaal qabxii 50n sadarkaa 1ffaarratti argama. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited bara dorgommichaatti taphoota gaggeessee 22n yeroo 9 yoo injifatu yeroo 5n mo’ameera. Taphoota hafan biroo 8n qabxii qooddateera. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited galchii 38 yoo lakkoofsisu galchii 32 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ingiliz Waggaa 44n kan ta’e Maayikil Kaarikiin kan leenji’u Maanchistar Yuunaayitid qabxii 35n sadarkaa 5ffaarra jira. Kilaboonni lamaan morkiiwwan hundaan kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 246ffaa dha. Turtii ammaan dura yeroo 245n walitti dhufanitti Maanchistar Yuunaayitid yeroo 99 injifateera. Arsenaal Yeroo 91 yoo injifatu yeroo 55n qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 66 taphateera. Maanchistar Yuunaayitid yeroo 25n yoo injifatu Arsenaal yeroo 23 injifateera. Yeroo 18 qixaan adda baheera. Taphoota liigichaa shanan darbanitti Arsenaal yeroo 4 yoo injifatu yeroo tokko qabxii qooddateera. Yuunaayitid Liigichatte yeroo dhumaaf Arsenaaliin kan mo’ate A.L.A. Fulbaana 4 bara 2022 yoo ta’u , wayita sana 3 fi 1n injifateera. Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid seenaa Piriimar Liigii Ingilizitti gariiwwan morkattootaa kan jedhamanidha. Kilaboonni kunnen yeroo jalqabaaf kan walitti dhufan A.L.A bara 1894 ture. Taphichaan gareewwan kunneen sadii sadiin walqixaan adda bahaniiru. Gareewwan kun tapha jalqabaarraa eegalanii walmorkii waggaa 131 waltajjii Awurooppaa fi Ingiliz irratti gaggeessaniiru. Arsenaal Waancaa Liigichaa yeroo 13 yoo fudhatu, Maanchistar Yuunayitid yeroo 20 injifachuun olaantummaa qabateera. Taphichaan Arsenaal taphoota lamaan booda gara injifannootti deebi’uuf, Yuunayitid Injifannoo darbii Maancisterbooda injifannoo ittifufaa galmeessisuuf walmorkii taassifamudha. Tapha kilaboota lamaanii Hawwiin eegamu Kireeg Paawusan Abbaaseerummaan gaggeessu. Sagantaa birootiin Kiristaal paalaas Chelsii waliin , Niwuukastil Yuunaayitidii fi Astonviilaa fi Bireentifoordi, Nootingam Foorest guyyaa sa’aatii wal fakkaataa 11:00tti taphasaanii gaggeessu.
Siyaasa

Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna biyyaalessaa kan agarsiisuu fi boona biyyaalessaaf agarsiiftuudha-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Jan 24, 2026 136
Amajjii 16/2018 (ENA)- Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna biyyaalessaa kan agarsiisuu fi boona biyyaalessaaf agarsiiftuu ta’uu ajajaan olaanaa human qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan. Kabajni wagga 90ffaa human qilleensaa Itiyoophiyaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad dabalatee keessummoonni olaanaa biyyoota garagaraa bakka argamanitti dammaqinaan gaggeeffamaa jira. Ayyaana hundeeffamaa kana ilaalchisuun agarsiifni qilleensarraa dinqisiifatamaan “Xuqur Anbassaa” jedhamuun beekamu gaggeeffamaa jira. Ajajaan olaanaa human qilleensaa Itiyoophiyaa Letemnaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa wayita kana akka dubbatanitti, sagantaan kun kabaja ayyaana wagga 90ffaa qofa osoo hin ta’iin, tajaajila biyyaalessaa cimaa fi agarsiiftuu ga’oomaa wagga sagaltamaati. Waggoottan 90 darbaniif humni qilleensaa Itiyoophiyaa dahannoo birmadummaa Itiyoophiyaa isa cimaa ta’ee turuusaa ibsaniiru. Biyyoota Afriikaarraa Itiyoophiyaan humna qilleensaa hundeessuun adda duree ta’uushee, ergamoota nagaa kabachiisuu deeggaruushee fi humnoota faayidaa biyyaalessaashee dura dhaabbachuu barbaadan mogolee kan buufte ta’uu dubbataniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa fi agarsiifni qilleensarraa Xuqur Anbassaa kun agarsiiftuu boonuu Itiyoophiyaa fi ga’ooma balallii qabatamaan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Ajajoonni human qilleensaa Afriikaa fi biyyoota garagaraa argamuu isaaniitti kan boonan ta’uu Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsanii, qaamolee milkaa’ina kanaaf deeggarsa taasisan hunda galateeffataniiru. Agarsiifni qilleensarraa kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti kan ijaaru ta’uu eeranii, Kaadhimamtoonni waan abjootan arguuf cimanii akka hojjetan, lammiileenis carraa teeknooloojii egeree biyyasaaniitti akka abdatan kan godhu ta’uu ibsaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu dandeettii biyyaalessaa, biyyi kan itti boonuu fi barbaadamummaa idil addunyaa guddisuuf meeshaa tarsiimawaa ta’uusaas hubachiisaniiru. "Kan darbetti ni boonna, kan ammaatiin nigaggeeffamna, kan fuulduraa ni bocna” kan jedhan Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, sagantichi agarsiiftuu cehumnsa industirii fi tumsa waloo ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis ayyaanni kun milkaa’ina bu’ura misoomaa akkasumas agarsiiftuu dandeettii human qilleensaa dhaloota afraffaa fi shanaffaa ta’uu eeraniiru. Miseensonni human qilleensaa halkan hedduu hirriba malee dabarsanii dandeettii Itiyoophiyaa qabatamaan waan agarsiisaniif galata guddaa qabu jedhaniiru. Deeggartoonni idil addunyaa sagantaa kanatti hirmaachuunsaanii hariiroo keenya cimsuun tumsa waloo keenya guddisuu fi dandeettii human qilleensaa amansiisaa ta’e ijaatuuf haalli mijataan akka uumamu ibsaniiru.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 24, 2026 94
Amajji 16/2018(ENA) - Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha jedhani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Agarsiisni Qilleensaa Leenca Gurraacha waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti kabajameera. Wayita sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, humni qilleensichaa waggoota 90 kana keessatti bu’a bahii hedduu dabarsuu eeraniiru. Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu fi weeraruu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha jedhani. Akkasumas, Itiyoophiyaa bira darbee, bara xumura bulchiinsa koloneeffataa, naannoo qilleensaa Taanzaaniyaa kan eege, kan Afrikaanota boonsu dha jedhaniiru. Humni qilleensichaa meeshaalee ammayyaa kan hidhate,gahumsa olaanaa irratti akka argamus ibsaniiru. Nuti Itiyoophiyaatiin ala haadha hin qabnu kan jedhan ministirri muummee,Itiyoophiyaan haadha keenya bakka bu’insa hin qabne ta’uu hubannee ulfina biyyaaf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 5’n dhufan keessatti humna amma qabu dachaan dabaluuf ammas xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Itiyoophiyaan bara kana guddina dhibbentaa 10.3 akka galmeessitu raawwiin hojii ji'a ja'aa ni argisiisa jedhan. Guddinni kun kan argamu immoo dhaabbilee waraanaa fi nageenyaa ciccimoo ijaaruudhaan akka ta’es ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya kaleessa irra dhaabbatte miti kan jedhan Ministirri Muummee, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii yeroon gaafatu kan gonfate dha jedhani. Nuti kan namaa hin barbaannu;kan keenyas hin kenninu jedhan. Kan nutti kennames yoo jiraate isaaniif deebisuun keenya hin oolu jedhan.
Bulchiinsichi aadaa hojii jijjiiree hojjechuun damee hundaan bu'aa gaarii galmeessisuu danda'eera - Kantiibaa Adaanach Abeebee
Jan 24, 2026 80
Amajjii 16/2018 (ENA)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee aadaa hojii jijjiiruun halkanii fi guyyaa hojjechuun damee hundaan bu’aa ajaa’ibsiisaa galmeessuu danda’eera jedhani kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii karoora hojii mootummaa fi paartii walakkaa waggaa jalqabaa bara 2018 har'a eegaleera. Waltajjicharratti kantiibaa Adaanach Abeebee, Af-yaa'iin Mana Maree Magaalichaa aadde Buzeenaa Alkadir, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa fi qondaaltonni olaanoo biroo argamaniiru. Baniinsa waltajjichaarratti kantiibaan magaalattii Adaanach Abeebee ji’oota jahan darbanitti pirojektoota damee hundaan karoorfame keessaa giddu galeessaan dhibbeentaa 95 ol xumuramuu ibsaniiru. Bu’aan kuni argamuu kan danda’eef bulchiinsichi aadaa hojii jijjiiruun halkanii fi guyyaa hojjechuun ta’uu eeraniiru. Bu’aawwan argamaniif inni ijoon hoggansi sadarkaan jiru qindoominaan waliin hojjechuun, jiraattonnii fi michoonni misoomaa si’oominaan hirmaachuun,akkasumas deeggarsa jiraattonni magaalittii hojiilee misoomaaf taasise ta’uu himaniiru. Bu’aan misoomaa argame qindoomina qaamolee hundaa jiraattota magaalittii fi michoota misoomaa ta’uu eeraniiru. Waltajjiin kun ji’oota jahan itti aananiif dandeettii fi muuxannoo dabalataa kan itti horannuu fi jiraattota magaalaa keenyaa haala fooyya’anii fi amanamummaa guddaadhaan tajaajiluuf kan itti qophoofnudha jechuun ibsaniiru.
Gamtaan hojjennee mul'ata Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf qabanne ni mirkaneessina - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jan 24, 2026 78
Amajjii 16/2018(ENA) – Gamtaan hojjennee mul'ata Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf qabanne ni mirkaneessina jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee. Kantiibaan magaalattii Adaanach Abeebee, ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, ganama har'aa waltajjiin madaallii imala hojii magaalattii ji'oota jahaaf gaggeeffamu ifatti eegalamuu isaa hubachiisaniiru. "Gamaaggama guyyaa sadii kanaan hojiilee ijoo mootummaa fi paartii bara bajataa walakkaa 2018, hoggantoota aanaatii haga magaalaa jiran waliin gadi fageenyaan ni qoranna" jedhaniiru. Baatii jahan darban aadaa hojii halkaanii fi guyyaa hojjechuun uummataa fi tumsitoota misoomaa waliin qindoomuun damee hundaan raawwii %95.3 milkeessuun danda'amuu eeran. Raawwii gaariin galmaa'us, dhaabbileen karoora qabame bifa walfakkaatuun raawwachuu dhabuun, tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu irratti qaawwi jiraachuu, matta'aa gaafachuu, gaarummaan tajaajiluurratti rakkoolee jiran iftoominaan adda baasuun sirriitti akka qoratamus himaniiru. Waltajjiin kun ji’oota jahan itti aananiif dandeettii fi muuxannoo dabalataa kan itti horannuu fi jiraattota magaalaa keenyaa haala fooyya’aanii fi amanamummaa guddaadhaan tajaajiluuf kan itti qophoofnudha jechuun ibsaniiru. Milkaa’inoota piroojaktoota misoomaaf gumaacha kan taasisan,hoggantoota, hojjettootaa fi michoota misoomaa galateeffateeffataniiru.
Sirni kenniinsa tajaajila si’ataa naannoo Harariitti hojiirra oolaa jira
Jan 24, 2026 79
Amajjii 16/2018 (ENA)- Sirni kenniinsa tajaajila ifaa fi si’ataan naannoo Harariitti hojiirra oolaa jiraachuu bulchaan naannichaa Ordiin Badrii beeksisan. Biiroon Paabiliik Sarvisii fi qabeenya namaa naanno Hararii bulchiinsa gaarii ilaalchisuun waltajjii ummataa gaggeessaa jira. Obbo Ordiin Badrii wayita kana dubbii dubbataniin, fedhii tajaajilaa lammiilee irratti bu’uureffachuun sirni kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataan hojiirra oolaa akka jiru dubbataniiru. Iftoomina hojmaataa diriirsuudhaan bu’aa bayii tokko malee ummanni tajaajila barbaadu akka argatu gochuuf tattaaffiin taasifamu cimee akka itti fufu hubachiisaniiru. Waltajjiin har’aas muuxannoowwan gaarii dameelee tajaajilaa hundarratti argaman bal’isuun hanqinoota mul’atan sirreessuuf kan akeekamedha. Rakkoolee bulchiinsa gaarii waltajjicharratti kaafaman adda baasuun galtee godhachuun karoora keessa galchuun deebiin qabatamaa akka kennamu eeraniiru. Hogganaan biiroo paabiliik sarvisii fi qabeenya namaa Joordaan Ishaaq gamasaaniin, hojiilee misoomaa fi kenniinsa tajaajilaarratti bu’aawwan qabatamaan argamaa akka jiran ibsaniiru. Kutaaleen hawaasaa garagaraa, hooggantoonni naannichaa sadarkaan jiranii fi qooda fudhattoonni biroonii fi qaamoleen qooda fudhttootaa waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
Tumsi siyaasaa dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee itti ni fufaa
Jan 22, 2026 167
Amajjii 14/2018(ENA)- Tumsi siyaasaa, dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee akka itti fufu ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ministira dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfulni waliin har’a mari’ataniiru. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos marii kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman biyyoota tumsa gam-lamee turee fi cimaa qabanidha jedhaniiru. Barri 2018 bara addaa waggaa 120ffaa hariiroo dippilomaasii itti eegalan kan kabajan ta’uu eeranii, michooma bara dheera biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti guddisuuf walii galteerra gahamuu dubbataniiru. Walgahiin ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Chaansilariin rippaabiliikii Jarman Olaaf Sholzi yaa’ii hoggantoota garee 20 (G-20) cinaatti gaggeessan tumsaa olaanaa fi kaka’umsa uumeera jedhan. Daawwannaan ministira dhimma alaa Jarman kun agarsiiftuu fedhii kanaa ta’uu eeraniiru. Hoggantoonni lamaan marii gaggeessaniin mariin siyaasaa gam-lamee fi komishinii ministirootaa waloo hojmaattota gam-lamee turan irra deebiin eegalchiisuuf walii galteerra gahamuu eeraniiru. Tumsa siyaasaa, dinagdee fi misoomaa biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuuf marii gaggeessaniin walii galteerra gahamuu yaadachiisaniiru. Ministirri dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfuln gamasaaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman hariiroo bara dheeraa akka qaban eeranii, Jarman hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti akka cimsitu mirkaneessaniiru. Tattaaffii Itiyoophiyaan riijinichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf taasiftu ministirichi dinqisiifatanii, ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu dinagdee cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Jarman ijaarsa kanarratti hirmaachuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Yeroo jijjiiramaa kanatti hariiroo keenya cimsuu fi eeguu qabna kan jedhan ministirichi, seenaan dippilomaasii waggaa 120 bu’ura cimaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Beelaarus damee loltummaan waloon hojjechuun akka danda’amu sanada waliigaltee waliif mallatteessani.
Jan 22, 2026 141
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaa fi Beelaarus damee loltummaan sanada waliigaltee waloon hojjechuuf isaan dandeesisu waliif mallatteessaniiru. Waliigalticha Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mohaammadii fi Ministirri Ittisaa Beelaarus Diimitirii Paantas mallatteessaniiru. Injiinar Ayishaa Mohaammad wayita sana akka jedhanitti, waliigaltichi tattaaffii industirii fi teekinooloojii loltummaa Itiyoophiyaa guddisuu fi meeshaalee loltummaan of danda'uuf taasifamaa jiruuf faayidaa olaanaa qaba. Itiyoophiyaan wiirtuu Afrikaa ta'uu isheen gabaa fi fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf akka gargaarus himaniiru. Waliigaltichi waliigaltee tarsiimoo hoggantoonni biyyoota lamaanii mallatteessan qabatamaan hojiirra oolchuuf kan dandeessisu ta’uu kan akeekan Ministirri kun, michummaa biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Dimiitirii Paantas gama isaaniin, simannaa isaaniif taasifame galateeffachuun, biyyoonni lamaan pirojeektota adda addaa waliin hojjechaa akka jiran eeranii, waliigaltichi dameewwan haaraa adda addaa irratti bobba'uuf carraa kan uumu ta'uu ibsan. Humni Qileensaa Beelaarus ayyaana hundeeffama waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Boru irraa eegalee kabajamu irratti agarsiisa akka dhiyeessuu fi jilli isaaniis akka irratti hirmaatu ibsaniiru. Akka odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaa ENAf erge ibsutti, saganticha irratti hoggantoonni olaanoo Raayyaa Ittisaa, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee waraanaa Beelaaruusii fi ogeeyyiin damee kanaa irratti ni hirmaatu.

Hawaasummaa
Gaazzexeessaan ENA duraanii kan turan Dabaalqaw Yirdaaw du’aan Addunyaa kanarraa darban
Jan 25, 2026 17
Amajjii17/2018(ENA)- Gaazzexeessaan ENA duraanii kan turan Dabaalqaw Yirdaaw du’aan Addunyaa kanarraa darbaniiru. Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw Digiriisaanii jalqabaa Yuunvarsiistii Finfinneetti Afaanii fi Hog-Barruun,Digiriisaanii lammataa Qunnamtii Hawaasaa fi Tarsiimoo Koomunukeeshiniin fudhatanii turan. Seenaan Gaazzexeessummaasaanii akka ibsutti, Dabaalqaw Yirdaaw Naannoo Harariitti bakka bu’aa olaanaa ENA ta’uun eegaluusaanii seeenaan jireenyasaanii hubachiisa. Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw gara Waajjira Muummee ENAtti jijiiramuun sadarkaa Ripporteraatii hanga Qopheessaatti tajaajilaniiru. Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw hanga Lubbuun darbanitti, Koorporeshinii hojiiwwan Ijaarsaa Itiyoophiyaatti dursaa garee Pirotokollii ta’uun tajaajilaa turaniiru. Gaazzexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw bultoo ijaarrachuun abbaa daa’ima tokko yoo ta’an, dhukkuba tasaa isaan mudateen Addunyaa kanarraa lubbuun darbaniiru. ENA’n du’aan lubbuun darbuu Gaazexeessaa duraanii Dabaalqaw Yirdaaw Gadda itti dhagahame ibsaa, Maatii fi Firoottan isaaniif jajjabina hawwa. Sirni Awwaalchaa Gaazexeessaa Dabaalqaw Yirdaaw har’a guyyaa sa’aatii 7:30tti Bataskaanaa qulquluu dabiresalaam mikaa’ela fexiraa Marhaabeeteetti raawwatameera.
Hayyoonni Biyya Mootummaa cimaa ijaaruu keessatti gahee isaanii daran guddisuutu isaan irraa eegama
Jan 24, 2026 98
Amajjii 16/2018(ENA)- Hayyoonni seenessa waloo bocuun ijaarsa biyya mootummaa cimaa ijaaruu keessatti gahee isaanii guddisuu akka qaban pirezidaantiin Yunivarsiistii Madda Walaabuu doktar Birhaanamasqal Xanaa hubachiisan. Ijoollota keenyaa biyya fooyyofte dhaalchisuuf hayyoonni seenessa waloo ijaaruu keessatti gahee keenya bahachuu qabna jedhan. Hayyoonni injinaroota tarsiimoo Itiyoophiyaa boruu bocan ta'uu eeruun, dhaloota bocuu fi hubannoo waloo uumuu keessatti gahee adda duree bahachuu akka qaban dubbataniiru. Kanaan dura seenessa waloo kan ijaaran laafaa ta’uu isaaniin ijaarsa biyya mootummaa cimaaf gufuu ta’aa turuu eeraniiru. Hayyoonni dhimma kana irratti callisuun seenaan isaan komata waan ta’eef, hayyoonni sirna baruu fi barsiisuu keessa jiran namuusa barattootaa fi jaalala biyyaa ijaaruu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru. Seenessi waloo sadarkaa gadi aanaa irraa hanga sadarkaa barnoota olaanootti sirna barnootaa keessa galee dhaloonni akka baratu taasifamuu akka qabus eeraniiru. Hayyoonni dhaloota gidduutti riqicha ta’uun seenessa waloo uumuu akka qaban eeruun, waraqaa qorannoo fi marii adda addummaa gara miidhaginaatti jijjiiran jajjabeessu qopheessuu qabu jedhan. Seenessa waloo uumuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu hubachuun hayyoonni hunduu damee isaan ilaallatu irratti gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Milkaa’ina Mariin Biyyoolessaaf hirmaannaan Lammiilee Cimuu qaba
Jan 23, 2026 115
Amajjii 15/2018(ENA)-Milkaa’ina Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa boqonnaa murteessarra gaheef hirmaannaan Hawaasaa Cimuu akka qabu miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa ibsan. Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa dhimmoota gurguddoo biyyaarratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf Naannoolee fi Bulchiiinsota Magaalaatti waltajjii hojii Ajandaa walitti qabuu fi hirmaattoota adda baasuu gaggeessuunsaa ni yaadatama. Naannoo Tigiraayitti hojii Ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu hojjechuun yaa’ii marii biyyaalessaa walii galaa gaggeessuuf qophii taasisaa jiraachuu beekseera. Mana Maree Bakka bu’oota ummataatti Durataa’aan Koreen dhabbataa dhimma Magaalaa, Bu’uuraalee Misoomaa fi Geejibaa Pirofeesar Mahaammad Abdoo akka jedhanitti, Mariin waliigaltee biyyoolessaa uumuuf Ajandaa baay’ee murteessaadha. Komishiniin Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhimmoota gurguddoo biyyaalessaarratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf boqonnaa marii murteessaarratti akka argamu ibsaniiru. Komishinichi Ajandaa walitti qabuun, hirmaattota adda baasuu fi galtee walitti qabuurratti marii biyyaalessaa waliigalaa gaggeessuuf haala mijataa uumaa jiraachuusaa dubbataniiru. Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliigaltee biyyaalessaa Uumuun Seenessa hirmaachisaa Ijaaruuf haala mijataa kan uumu carraa gaarii ta’uu ibsaniiru. Mariin Biyyaalessaa boqonnaa dhumaan waliigaltee biyyaalessaa uumuuf galma murteessaa qabateef hirmaannaan lammii hundaa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Miseensonni Mana maree bakka bu’oota ummataa milkaa’ina adeemsa marii biyyaalessaaf itti gaafatamummaasaa akka bahan mirkaneessaniiru. Miseensi Mana maree bakka bu’uuta ummataa biroon Musiliimaa Rashiid gamasaaniin, dhimmoota biyyaarratti furmaata waloo barbaaduuf waltajjii mariif dursa kennuun barbaachisaadha jedhaniiru. Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Aadaa siyaasaa olaantummaa yaadaa bu’uura godhate ijaaruun waliigaltee biyyaalessaa fulla’aa ijaaruun tokkummaa cimsuuf filannoo gaarii ta’uu ibsaniiru. Komishiniin Marii biyyaalessaa Ajanda hafan walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuun yaa’ii walii galaa gaggeesuuf galtee Ajandaa barbaachisoo adda baasuuf adeemsarra jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis akka Miseensa Mana Marichaatti Kaayyoo komishinichaa Milkeessuuf deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Naannoo Oromiyaatti tajaajilli haqaa si’ataan teeknooloojiin deeggarame kennamaa jira
Jan 23, 2026 133
Amajjii 15/2018 (ENA)- Hojmaanni tajaajila haqaa si’ataan, ifaa fi qaqqabamaa taasisu teeknooloojiidhaan deeggaramee naannoo Oromiyaatti hojiirra oolaa jiraachuu hoogganaan biiroo abbaa alangaa walii galaa naannoo Oromiyaa Guyyoo Waariyoo dubbatan. Hojmaatilee dijitaalaa haaraa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa kennuu kan dandeessisu hojmaanni diriirfamuusaa hogganaan kun ibsaniiru. Haala Kanaan tajaajilamtoonni bu’aa ba’ii malee haqa akka argatan haalli mijachuu fi tajaajila argachuuf harlifannaan ture furamuusaa ENAtti himaniiru. Galmeewwan himataa gara dijitaalaatti jijjiiruudhaan karaa onlaayinii tajaajila kennuun danda’amuusaa, kanneen raga bahan waajjiraalee haqaa godinaalee, magaalotaa fi aanaaleetti jechasaanii akka kennan godhamaa jira jedhaniiru. Haala Kanaan tajaajila haqaa si’ataa iftoomina kan qabuu fi qaqqabamaa taasisuun akka danda’ame ibsanii, cimee akka itti fufus dubbataniiru. Poolisii fi abbootiin alangaa wal ta’uun hojii galmeewwan qorannoo qulqulleessuu fi himata banuu hojjechaa akka jiran eeraniiru. Kana hordofuun dandeettiin galmee qulqulleessuu dabalaa dhufuusaa fi dandeettiin badii raawwatameef murtoo kennuu guddachaa jiraachuus beeksisaniiru. Kenniinsi haqaa fi harkifannaan qaqqabama tajaajilaa fi hanqinni qulqullinaa fooyya’eera jedhan. Baadiyyaa fi magaalaatti lafa saamame deebisiisuunii fi hojmaata seeraan alaa ittisuudhaan hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuu kaasaniiru. Kaartaawwan lafaa tajaajila garagaraaf ooluuf turan hojiirra akka hin oolle taasifamuu eeraniiru. #Enaa Afaan Oromoo #ENA#TOI
Diinagdee
Naannichatti Sirna kenninsa Tajaajilaa si’ataa diriiree fi hojiiwwan misoomaa hojjetamaniin fayyadamummaan hawaasichaa guddachaa jira
Jan 25, 2026 32
Amajjii17/2018(ENA)- Sirni kenninsa tajaajilaa Si’ataan Naannoo Harariitti diriirfamanii fi hojiiwwan misoomaa fayyadamummaa hawaasichaa guddisaa jiraachuu jiraattonni dubbatan. Hojiiwwan misoomaa fi kenna tajaajilaa Hawaasichaa qindoominaan hojjiirra oolchuun fayyadamummaa hawaasichaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamuusaa Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii dubbataniiru. Biiroon Paabilik sarvisii fi Qabeenya Namaa Naannoo Hararii dhimma Bulchiinsa gaariirratti Waltajjii marii Hawaasaa gaggeesseera. Hirmaattonni waltajjichaa gamasaaniin, naannichatti hojiiwwan misoomaa fi kenna Tajaajilaa cimanii akka ittifufan gaafataniiru. Hirmaattota waltajjichaa keessaa Obbo Usmaan Yuusuuf akka jedhanitti, Naannichatti Hawaasa hirmaachisuun hojiiwwan misoomaa hojjetaman fayyadamummaa jiraattotaa guddisaa jiraachu dubbataniiru. Magaalichatti hojii misooma koriideraa fi kanneen birooon hojjetaman gaaffii misoomaa hawaasichaa kan deebisan waan ta’eef cimanii akka itti fufan gaafataniiru. Gaaffii jiraattota magaalichaa kan ture tajaajilli Ibsaa fi Daandii furmaata argateera jechuun Aadde Fantuu Isheetuu dubbataniiru. Magaalittii miidhagsuu fi Daawwattootaa fi jiraattootaafis mijattuu taassisuun yaa’insi Tuuristootaa akka dabaluu gochuun carraa hojii uumuu fi sochiiwwan Diinagdeef haala mijeessuu shaambal Gaashawuu Mulaalam ibsaniiru. Bu’aan hojii kun qindoomina hawaasa fi mootummaan kan dhufe ta’u ibsuun, kenna tajaajila Geejibaa fi Daldaltoota daballii gatii taassisan to’achuurratti ciminaan hojjetamuu qaba jechuun gaafataniiru. Naannichatti hojiin gama Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaan hojjetamaa jiru harka qal’eeyyii deeggaraa jiraachuu fi rakkoowwan kenna tajaajila haqarratti turan dhabamsiifamuunsaa kan jajjabeeffamu ta’uu Aadde Saaraa Yisaaq ibsaniiru. Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii gamasaaniin kenna tajaajila hawaasaa, dhaqqabamummaa misoomaa fi qaala’insa jireenyaa waliin yaada ka’e karooraan qabamuun deebii akka argatan ni taassifamu jedhaniiru. Hojiiwwan misoomaa fedhii hawaasaa bu’uureffatan cimanii akka ittifufan ibsaniiru. Qaala’insa Jireenyaa dhabamsiisuuf omishtummaa guddisuu fi daldaltoota daballii gatii hinmalle raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti Jireenya Horsiisee bulaa foyyessuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira
Jan 25, 2026 27
Amajjii 17/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti humna Hongee dandamachuu danda’u ijaaruun Jireenya Horsiisee Bulaa foyyessuuf hojii hojjetameen bu’aan gaariin argamaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee bulaa ibse. Itti Aanaan Hogganaan Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Injiinar Alamuu Raggaasaa akka dubbatanitti, jireenya Horsiisee bulaa fooyyessuuf dhaqqabamummaan dhiheessii Bishaaniif hojjetamaa jira. Horsiisee bulaan nyaata Beelladaa cinaatti hojii Qonnaarratti hirmaachuun wabii nyaataasaa Mirkaneessuu akka danda’uuf Pirojektii “Finnaa Oromiyaa” jedhu bocee hojiirra oolchaa tureera jedhaniiru. Pirojektoota Finnaa 73 bara 2014 eegalaman keessaa 37 ijaarsisaanii xumuramee tajaajila kennaa kan jiran yoo ta’u, pirojektoonni hafan immoo ijaarsarra jiru jedhaniiru. Pirojektota Kanaan hidhawwan Jallisii xixiqqaa fi gidduugaleessi baay’inaan hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, Horsiisee bulaan hidhaawwan kana bishaan dhugaatii beelladaa fi Misooma Qonnaaf fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Dabalataanis Hidhawwan xixiqqaa misooma nyaata beelladaaf oolchaa jiraachuun, Qonnaan Bulaan Misooma Beelladaarraa fayyadamaa ta’uu eegaluu dubbataniiru. Kana qofa osoo hin ta’iin Horsiisee Bulaan sababoota adda addaan bu’uuraalee misoomaan duubatti hafee akka ture ibsuun, hojiin bu’uuraalee misoomaa guutuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa kannneen akka Daandii, Ibsaa, dhaabbile Fayyaa fi Manneen Barnootaa babal’isuun hojjetamuu ibsuun, kanaanis Horsiisee bulaan humna Hongee dandamachuusaa guddifachuun, omishaataa ta’aa jira jedhaniiru. Biirichatti Daarektarri Bulchiinsa Kontiraakteraa Injiinar Tamasgeen Rundaasaa gamasaaniin, Naannichatti Bishaan lafa keessaa fi lafaarraa sirnaan fayyadamuun fayyadamummaa Horsiisee bulaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hidhawwan Jallisii Ijaarsarra jiran saffisaan xumuruuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.
Itiyoophiyaa fi foramiin dinagdee addunyaa tumsa isaanii cimsuuf mari’atan
Jan 24, 2026 92
Amajjii 16/2018 (ENA)-Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee tumsi Itiyoophiyaa fi foramii dinagdee addunyaa haala cimee itti fufurratti pirezidaantii foramichaa Borgee Birendi waliin mari’ataniiru. Mariin kun kan gaggeeffame foramii dinagdee addunyaa 2026 Daavoostii gaggeeffame cinaattidha. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee marii kanaan riifoormii dinagdee Itiyoophiyaa irratti pirezidaantichaaf ibsaniiru. Fuulduras biyyoonni lamaan Invastimantii dabalatee tumsa misoomaarratti waliin hojjechuuf walii galuusaanii odeeffannoon ministirri maallaqaa ENA’f erge nimul’isa. Hirmaannaan Itiyoophiyaan foramii dinagdee addunyaa 2026 irratti goote dameelee garagaraatiin bu’a qabeessa ta’ee xumuramuunsaa eerameera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Waraqaa Eenyummeessaa Dijiitaalaa FaayidaaTajaajila dhaabbilee Faayinaansii maamiltootaa saffisiisuuf ni deeggara
Jan 21, 2026 113
Amajjii13/2018(ENA)-Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa qabannaa ragaaMaamiltoota dhaabbilee Faayinaansii Ammayyeessuuf,tajaajila si’ataa fi nageenyisa eegame kennuuf deeggarsa guddaa akka taassisu ibsame. ENAn Hoggantoota hojii dhaabbilee faayinaansii Magaalaa Cirootti argaman tajaajila waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa irratti dubbiseera. Akka Hoggantoonni hojii ibsanitti,Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo Ijaa, fuulaa fi Ashaaraa qubaa maamiltootaa meeshaalee Elektirooniksiin qabachuun namni tokko odeeffannoo wal-fakkaatu qabatee tajaajila burjaajjiirraa qulqullaa’e kennuuf kan dandeessisudha. Hojii gaggeessaan Baankii Daldala Itoophiyaa Ciroo damee Odaa bultum Balaayi Yawaalaasheet akka ibsanitti,waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa waraqaa eenyummeessaa sobaan burjaajjii raawwatamu ittisuuf gargaara. Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo elektirooniksiin qabachuun tajaajilamaan eenyummaa tokko akka qabaatu gochuun dhugummaasaa mirkaneessuuf akka gargaaru dubbataniiru. Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Baankichi kenna Tajaajila Maamilaa haaraa eegale kan saffisiisu ta’uu eeraniiru. Baankii Awaash Damee Ciroo hojii gaggeessaa tajaajila maamiltootaa fi oppireeshinii Tewoodiroos Salamoon gamasaaniin Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Maamiltoonnii fi Baankonni haala guutuu ta’een akka wal beekan gochuun kenna tajaajilaa kan saffisiisudha. Maamililli lakkoofsa faayidaa tokkoon qofaan galmaa’uusaan Baankonni tajaajila liqaa yeroo kennan maamiltootasaanii akka beekanii fi hordoffii liqaa sirnaan akka raawwataniif kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Waraqaan eenyummeessaan Dijiitaalaa FaayidaadhaabbileeFaayinaansii keessatti tajaajila waraqaarraa bilisa ta’e hojiirra oolaa jiru saffisiisuuf kan deeggarudha jedhaniiru. Itiyoo Teeleekoomitti gidduugalli Damee gurgurtaa Ciroo Tonkoluu Baqqalaa Waraqaan eenyummeessa Dijiitaalaa Faayidaa odeeffannoo nama tokkoo haala wal fakkaatuun galmeessuun kenninsa tajaajilaa saffisa fi ammayaa’aa ta’e hojiirra kan oolchu ta’uu ibsaniiru.
Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba
Jan 20, 2026 112
Amajjii 12/2018(ENA)- Appilikeeshiniin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa biyya alaarraa maallaqa erguuf kan gargaaru appilikeeshinii haaraa 'CBE Connect Digital Wallet' jedhamu hojii eegalchiiseera. Dijitaal teeknooloojiin ifoome diyaasporaan tajaajila si’ataa akka argatuu fi deddeebisa maallaqaa karaa seeraan alaa taasifamu ittisuu fi sharafa biyya alaa biyyattiin argattu guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa dubbataniiru. Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi itti aanaan pirezidaantii tajaajila korporeetii Efreem Makuraa gamasaaniin, baankichi hojmaatasaa yeroo yeroon ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru dubbataniiru. Baankichi dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa babal’isaa akka jiru beeksisaniiru. Appilikeeshiniin hojiirra oole kun imalaa dijitaalaa baankichi itti jiru sadarkaa olaanaatti akka ceesisu eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi biyya alaa caalaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa hawaalaa kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin kun teeknooloojii dijitaalaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaatiin jiru irratti jijjiirama guddaa akka fidu appilikeeshinii kana baankii daldalaa waliin walitti hidhuun kan hojjetan hojii raawwachiisaa olaanaa Staar weeyi Bassuufiqaad Geetaachoo ibsaniiru. Haalli mijataan mootummaan kaampaaniiwwan teeknooloojiif uume kalaqxoonni akkasii akka danatan gochuusaa eeranii, fuulduras bu’aalee teeknooloojii biro hojjechuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisudha
Jan 20, 2026 97
Amajjii 12/2018(ENA)- Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisu ta’uu biiroon Innoveeshinii fi Teeknooloojii magaalaa Finfinnee beeksise. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti wayita jalqabsiisan, dijitaal 2030’n, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wal amantaa ijaaruun galmoota tarsiimichaa kanneen ijoo ta’uu himaniiru. Itti aanaa hoogganaan biiroo Innoveeshinii fi Teeknooloojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Tulluu Xilahuun ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban hojiileen bu’ura misoomaa milkaa’oon ijaarsa dinagdee dijitaalaaf murteessaa ta’an magaalaa Finfinneetti hojjetamaniiru. Keessumaa magaalattiitti tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’a qabeessummaan raawwatamuu eeranii, Kunis cehumsa dijitaala Itiyoohiyaa 2030’f bu’ura cimaa kaa’uusaa beeksisaniiru. Tarsiimoo dijitaalaa 2025tiin magaalaa Finfinneetti Paarkiin ‘ICT’ babal’achuusaa wabeeffataniiru. Walitti hidhamiinsi neetwoorkii Kanaan dura si’aayina gadi aanaa fi sadarkaa gadi aanaadhaan murtaa’ee ture fooyya’uusaa ibsanii, yeroo ammaa dhaabbileen mootummaa saddettamii jaha bu’ura misoomaa Siitii neet (City Net)dhaan wal qabachuusaanii beeksisaniiru. Dabalataanis qaqqabummaan tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob fi eenyummeessaa biyyaalessaa faayidaa magaalattiiitti hojiirra oolfamaa jiru bu’aa tarsiimichaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajila mootummaa magaalattiitti kennaman guutummaatti dijitaalaayiz gochuun lammiilee bakka jiranitti tajaajila si’ataa akka argatan bu’ura kaa’uusaa ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojii magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojjetamu caalaatti kan ariifachiisuu fi jireenya lammiilee kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Tarsiimoon kun fayyadamaa teeknooloojii qofa osoo hin taane, kalaqxoota furmaatilee dijitaalaa haaraa ta’an maddisiisan akka ta’an haala mijataa akka uumu dubbataniiru. Walumaa gala tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 mul’ata Finfinnee ammayyaa fi Ismaarti siitii badhaate gochuuf qabame akka dhugoomsu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan faayidaa biyyoolessaa ishee eegsisuuf dippilomaasii dijitaalaaf xiyyeeffannoo addaa kennetee hojjechaa jirti.
Jan 20, 2026 84
Amajji 12/2018(ENA) –Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaan guddina teeknooloojii ammayyaa fayyadamuudhaan, dippilomaasii dijitaalaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun, biyyattii beeksisuuf fi dantaa biyyaalessaa ishee eeguuf hojjechaa akka jirtu ibseera. Ministeera Dhimma Alaatti Daarektarri Dippiloomaasii Dijitaalaa Silaabbaat Maannaayyee ENA waliin turti taasisaniin, dippiloomaasiin dijitaalaa meeshaa murteessaa tarsiimoodhaan faayidaa biyyoolessaa biyya tokkoo eeguuf itti fayyadamaa jiramu ta’uu ibsaniiru. Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 akka biyyaatti dippiloomaasii dijitaalaaf haala mijataa ta’e uumuus yaadachiisaniiru. Daarektarri kun itti dabaluudhaan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 damee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti kan xiyyeeffate waan ta’eef damichaaf carraa guddaa fidee akka dhufus himaniiru. Itiyoophiyaan Afrikaaf wiirtuu humannoo namtolchee ta’uuf tattaaffii taasiftu keessatti haala gaariin kan deeggaru ta’u eeraniiru. Gara fuula duraatti hubannoo namtolcheedhaan tajaajilamtoonni gara qonsiilaatti qaamaan deemuun osoo isaan hin barbaachisiin bilbila isaaniin tajaajila argachuun kan isaan dandeessisu hojiin hojjetamaa jira jedhani. Ijaarsi wiirtuu daataa wayita daawwannaa ministira muummee Hindii Naareendiraa Moodii labsame dippiloomaasii dijitaalaa daran akka cimsu himaniiru. Itiyoophiyaan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu keessatti ejjennoo tarsiimoo qabdu ta’uu eeruun, biyyattiin baha Giddugaleessaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa keessatti tarsiimoo ta’uun ishee fi Galaana Diimaatti dhihoo ta’uun ishee, michuu dippilomaasii ijoo ishee taasisa jedhaniiru. Hojiiwwan dippiloomaasii turizimiin karaa dippiloomaasii dijitaalaa gaggeeffamaa jira jedhan. Kanaafis, qabeenya uumamaa fi kennaawwan tarsiimawoo akkasumas kaka’umsa Ministira Muummeetiin kan ijaaraman bakkeewwan hawwata turizimii filmaatawwan dijitaalaan addunyaatti beeksisamuu akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Jaarraan 21ffaa yeroo dorgommii odeeffannoo to’annoo olaantummaa seeneffamaa ta’uu isaas hubachiisaniiru. Ministirichi teeknooloojii yeroodhaa gara yerootti jijijjiiramu kana keessatti dorgomaa ta’uuf odeeffannoo xiinxaluu fi tilmaamuun dandaa biyyoolessaa eegsisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhani.
Ispoortii
Walmorkiin seenaa qabeessii Arsenaalii fi Maanchistar Yuunayitid Hawwiin eegamu har’a galgala gaggeeffama
Jan 25, 2026 39
Amajjii17/2018(ENA)- Taphni Piriimar Liigii Ingiliz sagantaa torban 23ffaan Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid har’a gaggeessan Hawwiin eegama. Taphni Kilaboota lamaanii galgala sa’atii 1:30 Istaadiyeemii Emireetisitti ni gaggeeffama. Arsenaal tapha liigichatti gaggeesseen yeroo15n yoo injifatu,yeroo2 mo’ameera. Yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan Arsenaal galchiiwwan40 yoo lakkoofsisu galchiiwwan14 keessummeesseera. Lenjisaan Lammii Ispeen waggaa 43 kan ta’e Maayikil Arteettaan kan durfamu Arsenaal qabxii 50n sadarkaa 1ffaarratti argama. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited bara dorgommichaatti taphoota gaggeessee 22n yeroo 9 yoo injifatu yeroo 5n mo’ameera. Taphoota hafan biroo 8n qabxii qooddateera. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited galchii 38 yoo lakkoofsisu galchii 32 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ingiliz Waggaa 44n kan ta’e Maayikil Kaarikiin kan leenji’u Maanchistar Yuunaayitid qabxii 35n sadarkaa 5ffaarra jira. Kilaboonni lamaan morkiiwwan hundaan kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 246ffaa dha. Turtii ammaan dura yeroo 245n walitti dhufanitti Maanchistar Yuunaayitid yeroo 99 injifateera. Arsenaal Yeroo 91 yoo injifatu yeroo 55n qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 66 taphateera. Maanchistar Yuunaayitid yeroo 25n yoo injifatu Arsenaal yeroo 23 injifateera. Yeroo 18 qixaan adda baheera. Taphoota liigichaa shanan darbanitti Arsenaal yeroo 4 yoo injifatu yeroo tokko qabxii qooddateera. Yuunaayitid Liigichatte yeroo dhumaaf Arsenaaliin kan mo’ate A.L.A. Fulbaana 4 bara 2022 yoo ta’u , wayita sana 3 fi 1n injifateera. Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid seenaa Piriimar Liigii Ingilizitti gariiwwan morkattootaa kan jedhamanidha. Kilaboonni kunnen yeroo jalqabaaf kan walitti dhufan A.L.A bara 1894 ture. Taphichaan gareewwan kunneen sadii sadiin walqixaan adda bahaniiru. Gareewwan kun tapha jalqabaarraa eegalanii walmorkii waggaa 131 waltajjii Awurooppaa fi Ingiliz irratti gaggeessaniiru. Arsenaal Waancaa Liigichaa yeroo 13 yoo fudhatu, Maanchistar Yuunayitid yeroo 20 injifachuun olaantummaa qabateera. Taphichaan Arsenaal taphoota lamaan booda gara injifannootti deebi’uuf, Yuunayitid Injifannoo darbii Maancisterbooda injifannoo ittifufaa galmeessisuuf walmorkii taassifamudha. Tapha kilaboota lamaanii Hawwiin eegamu Kireeg Paawusan Abbaaseerummaan gaggeessu. Sagantaa birootiin Kiristaal paalaas Chelsii waliin , Niwuukastil Yuunaayitidii fi Astonviilaa fi Bireentifoordi, Nootingam Foorest guyyaa sa’aatii wal fakkaataa 11:00tti taphasaanii gaggeessu.
Manchistar Siitiin Woolvis waliin taphata
Jan 24, 2026 73
Amajjii 16/2018 (ENA) – Taphoonni Piriimar Liigii Ingiliiz torbee 23ffaan har’aa eegaluun nigaggeeffamu. Har’a taphoota shantu taphatama. Galgala sa’aatii 12tti Maanchistar Siitiin istaadiyeemii Itihaaditti Woolvis waliin taphata. Manchistar Siitiin qabxii 43’n sadarkaa lammaaffaa yoo qabatu,morkataan isaa Woolvis immoo qabxii saddeetiin sadarkaa dhumaa 20ffaa irra jira. Taphoota Liigii afur taphatameen injifachuu hin dandeenye. Qabxii 12 keessaa sadii qofa argachuu danda'eera. Faallaa kanaatiin, Woolvis liigii 16 irratti mo'amuun bara kana tapha tokko qofa injifateera. Maanchistar Siitiin dorgommii waancaa keessa turuuf tapha har'aa irraa qabxii sadii fudhachuu qaba. Woolvis yoo injifate, naannoo gadi bu'iinsaa keessaa ba'uuf waldhaansoo taasisu keessatti deeggarsa guddaa ta’aafi. Taphoota birootiin ammoo Boornimaawuz galgala sa'aatii 2:30 irratti istaadiyeemii Vaayitaalitiitti Liivarpuul waliin taphata. Boornimaawuz qabxii 26’n sadarkaa 16ffaa qabateera. Liivarpuul immoo qabxii 36’n sadarkaa 4ffaa irra jira. Abbaan istaadiyeemii Boornimaawuz walitti aansuun injifannoo isaa galmeessuuf kan taphatu yoo ta’u, Liivarpuul ammoo qixa afur walitti aansuun taphachuu isaa irraa gara injifannootti deebi’uuf morkii taasisa. Weestihaam Yunaayitid sa'aatii 9:30tti Saandarlaandi waliin, Fuulhaam Biraayitan waliin haaluma walfakkaatuun Barnileey ammoo sa'aatii 12tti Tootinaam Hootispar waliin taphatu.
Baayer Muunik Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuutti makameera
Jan 22, 2026 120
Amajjii 14/2018(ENA)-Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Baayeer Muunik, Yuuniyeen Seeyinti Jilwaan 2 fi 0n injifateera. Tapha Galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti gaggeeffameen Harii Keen taphaa fi rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Shaampiyoonsi Liigichatti Harii Keen baay’inni galchii lakkoofsise 7 ga’eera. Bara dorgommii kanatti dorgommiiwwan hundatti galchiiwwan lakkoofsise gara 34tti ol guddiseera. Taphataan Baayer Muuniik Miin-Jee Kiim daqiiqaa 63ffaa irratti kaardii keelloo lama erga fudhatee booda kaardii diimaan dirreetii baheera. Bu’aa kana hordofee Baayer Muunik qabxii 18’n Arsenaalitti aanee kilabii 2ffaa mo’atanii darbuutti darbe ta’eera. Gareen Beeljiyeem Yuuniyeen Seeyinti Giiliwaa qabxii 6’n sadarkaa 31ffaa irra jira. Taphoota biroon Liivarpuul Maarseyiin 3 fi 0n injifateera. Doominiik Siboozilaay, Kodii Gaappikoo fi karra eegaan Marseeyi Jeerooniimoo Ruulii ofirratti galchii lakkoofsiseera. Liivarpuul qabxi 15’n sadarkaa 15ffaa yoo qabatu, Marseey qabxii 9’n sadarkaa 19ffaa qabateera. Cheelsiin Paafoosin galchii Bemooses Keeyisdo galcheen 1 fi 0n injifateera. Baarseloonaan Dirreesaan alatti Silaaviyaa Piraagiin 4 fi 2’n injifateera. Fermaan Loopeez galchii 2 yoo lakkoofsisu, Daanii Olmoo fi Rooberti Lewandoskii galchiiwwan hafan lakkoofsisaniiru. Vaasiil Kuseejii fi taphataan Baarseloonaa Rooberti Lewaandooskii Saliiviyaa Piraag ofirratti galchiiwwan lakkoofsisaniiru. Niwuukastil Yuunaayitid goolii Aroon wiisaa, Antoonii Gordanii fi Harvii Baarniis galchanii PSV Ayindihoveniin 3 fi 0’n injifateera. Juuventus Benefiikaan 2 fi 0’n, Atileetikoon Bilbaa’oo Atilaantaan 3 fi 2’n injifateera. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaan dhumaa torban itti aanu gaggeeffama.
Arsenaal Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuu seenuun garee jalqabaa ta’eera
Jan 21, 2026 156
Amajjii13/2018(ENA)-Sagantaa tapha Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa hawwiin eegamaa tureen Arsenaal Intar Miilaaniin 3 fi 1n injifate. Tapha galgala Istaadiyeemii Saan Siirootti gaggeeffame kanarratti Gaabri'eel Jesuus goolii lama yoo galchu, jijjiiramee kan gale Viiktor Yookeerees ammoo goolii tokko galcheera. Peetaar Suuchiich ammoo Intar Miilaaniif goolii tokko lakkoofsiseera. Bu’aa kana hordofuun Arsenaal taphni tokko isa hafee qabxii 21 galmeessisuun garee mo’atanii darbuutti seene kan jalqabaa ta’eera. Arsenaal tapha shaampiyoonsi Liigii bara Kanaan kilabii qofeessa taphoota hunda injifatedha. Morkichaan yeroo sadaffaa kan mo’ame Intar Miilaan qabxii 12n sadarkaa 8ffaa qabateera. Sagantaawwan biroon injifataan dorgommii yeroo 15ffaa Riyaal maadiriid Monaakoon dirreesaatti garaagarummaa galchii bal’aan 6 fi 1n injifateera. Kiiliiyaan Mibaappee galchiiwwan lama yoo lakkoofsisu Firaankoo Maastantuunoo, Viniishiyeesjuuniyeer, Juudii Belingihaamii fi Tiiloon Monaakoo Kehiraar ammo galchiiwwan hafan biroo ofirratti lakkoofsiseera . Jordaan Teezee Monaakoof galchii tokkicha lakkaoofsiseera. Bu’aa kana hordofuun Riyaal maadriid qabxii 15n sadarkaa 3ffaa Monaakoon qabxii 9n sadrkaa 20ffaa qabateera. Ispoortingi Liizbeen abbaan waancaa warqii PSGn osoo hin eegiin 2 fi 1n injifateera. Luwiis Suwaareez ispootingi Liizbeen galchiiwwan lamaan yoo lakkoofsisu kiviichaa kivartiskeeliyaa PSGtiif galchii tokkicha lakkoofsiseera. Tootenihaam Hotispersiin, Boruusiyaa Doortimundi 2 fi 0n yoo injifatu, Kiristiyaan Roomeeroo fi Doominiik Soolankeen galchii Injifannoo lakkoofsisaniiru. Borusiyaa Doortimundi Daani’eel Siveenseen daqiiqaa 24ffaatti kaardii diimaan dirree keessaa baheera. Koppen Hagenii fi Naappooliin tokko qixaan adda bahaniiru. Jordaan laarsen koppen hageniif, sikoot maaktomiinaay Naappooliif galchii lakkoofsisaniiru. Taphataan kopenhagen ToomaasDelanii daqiiqaa 35ffaatti kaardii diimaan dirree keessa baheera. Olompiyaakoos Baayeer Leverkuseniin2 fi 0n yoo injifatu , Ajaaksi Viiyaariyaaliin 2 fi fi 1n injifateera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti
Jan 22, 2026 76
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii bara baajata bara 2018 gamaaggama raawwii karoora ji'a 6 magaalaa Naqamteetti gaggeessaa jira. Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan wayita sana akka jedhanitti, baroota darbe qabeenya bishaanii haala gaariin misoomsuun itti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa gaarii argamsiisaniiru. Itiyoophiyaan kan hordoftu itti fayyadamaa fi bulchiinsi qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een hojii misoomaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma bishaan sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa qabatamaa hojjetteetti jedhan. Gama biraatiin ministeerichi misooma bishaan kuufamaa fi fooyya’iinsa jireenyaa naannoo gammoojjiitti hojiiwwan abdachiisaa ta’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Qabeenya bishaaniin dabalatatti qabeenya anniisaa sirnaan adda baasuu fi hojiirra oolchuun itti fayyadamuu akka barbaachisu himaniiru. Waltajjii kana irratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, akkasumas Bulchiinsa magaalota lamaanii hirmaataniiru.
Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira
Jan 22, 2026 58
Amajjii 14/2018(ENA) – Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Godinichaa ibse. Waajjira Qonnaa Godina Wallaggaa Lixaatti Dursaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, Godinicha keessatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira. Hojiilee bara darbe kunuunsa biyyee fi bishaaniif taasifame irraa qonnan bultoonni faayidaa qabatamaan waan arganiif, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiru jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniif bara darbe taasifameen lafti dhiqamee ture deebi’ee misoomeera jedhan. Bara darbe hojii misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetaniin faayidaa argachuu eeruun, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiraachuu kan himan immoo qonnaan bulaa obbo Hambisaa Guddinaati. Lafti isaanii kanaan dura dhiqama biyyeef saaxilamee oomishaa fi oomishtummaan kan gadi bu’e ta’uu eeruun, amma garuu lafti isaanii damdamachuu himaniiru. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniin daagaa fi hojiiwwan eegumsa naannoo kan biroo hojjetaniin naannoo isaaniitti jijjiiramni qabatamaan argameera kan jedhan immoo qonnaan bulaa gara biroo obbo Kennasaa Ammumaa dha. Kanaafuu kunuunsa biyyee fi bishaanii misooma daagaa irratti qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Misoomni kunuunsa naannoon hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuuf faayidaa olaanaa qabu
Jan 16, 2026 112
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaatti hojiiwwan kunuunsa naannoo fi misooma magariisaan hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuu keessatti faayidaa olaanaa akka qaban ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa keessa hojjetan ibsan. Sirni hundeeffama Waldaa Daa'immanii Heemaatooloojii fi Onkooloojii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sirna kana irratti ogeessonni fayyaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaatti misoomni kunuunsa naannoo fi misoomni magariisaa fayyaa namaa eeguuf, sochii ispoortii fi hariiroo hawaasaaf faayidaan isaan qaban olaanaa jedhan. Awustiraaliyaatti ogeessa fayyaa kan ta’an doktar Biroonwin Maakinaamaaraa magaalaa Finfinneetti qulqullina naannoon,bakkeewwan magariisaa fi paarkota babal’isuun hojiin hojjetame magaalittiin kan duraarraa adda ta’uu ibsan. Keemikaalonnii fi pilaastikoonni rakkoo fayyaa geessisuu waan danda’aniif, faalama hambisuuf tattaaffiin adeemsifamaa jiru kan ajaa’ibsiifamu ta’uu himan. Hojiiwwan kunuunsa naannoo taasifame eegumsa fayyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan Yunivarsiitii Toroontootti piroofeesara kan ta’an Shiilaa Wayitzimaan. Magariisnii fi naannoon qulqulluu eegumsa fayyaaf wantoota gargaaruu danda’an keessaa tokko ta’uu eeruun, dhibee dursanii ittisuun brabaachisaadha jedhan. Daarektarri Piyuur Eerzi (Pure Earth) Baha Afrikaa Fireewu Kaffaaloo gama isaaniin waggoota hedduudhaaf kunuunsaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu himan.
Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera
Jan 15, 2026 119
Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse. Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera. Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera. Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru. Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru. Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru. Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera. Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru. Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1799
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10061
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.