Angafoota Oduu
Ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa gaaffilee hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan bal’inaan raawwatamaa jira
Jul 2, 2025 76
Waxabajjii 25/2017(TOI)-Ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa gaaffilee hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan magaalaawwan naannoo Oromiyaatti bal’inaan raawwatamaa jiraachuu sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannichaatti qindeessaan misooma magaalaa Masfin Malaakuu ibsan. Godina Wallagga Lixaa aanaa Yuubdootti dhaabbileen bu’ura misoomaa garagaraa ijaarsisaanii xumurame hooggantoonni olaanoo mootummaa naannichaa bakka argamanitti eebbifamanii eebbaaf gahaniiru. Kanneen keessaa jiddugalli dargaggootaa, manni barumsaa ifa boruu Yuubdoo fi kanneen biroos keessatti argamu. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannichaatti qindeessaan misooma magaalaa Masfin Malaakuu sirna eebbaarratti, ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa jiraattota fayyadamoo taasisan bal’inaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Pirojektoonni bu’ura misoomaa magaalota naannichaatti bara bajatichaa ijaaramaa turan tibbana eebbifamanii tajaajilaaf oolaa akka jiran himaniiru.   Fuulduras ijaarsi pirojektoota bu’ura misoomaa sochii hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mijeessan cimee ittifufa jedhaniiru. Keessumaa dhaabbileen bu’ura misoomaa Wallagga Lixaatti xumuraanii tajaajilaa qaqqaban misooma naanawichaa kan dadammaqasan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti sochiin misoomaa abdachiisaan dhufuusaa eeranii, yoomiyyuu caalaa ummanni nageenyasaa eeguu akka qabu hubachiisaniiru. Bulchaan godina wallagga Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa gamasaaniin, ngeenya naannichaa cimsuun cinaatti gaffilee misoomaa ummanni gaafatu deebisuuf karoorri yeroo dheeraa fi gabaabaa qophaa’ee hojeeffamaa jira jedhaniiru. Guyyaa har’aas dhaabbileen bu’ura misoomaa birrii miiliyoona 249 caaluun ijaaraman tajaajila ummataaf banamuusaanii ibsaniiru.
Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi Walta’insaan kan ijaarame Agarsiiftuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa, fakkeenya ni danda’amaati-Obbo Jaanxiraar Abbay
Jul 2, 2025 64
Waxabajjii 25/2017(TOI)-Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi Walta’insaan kan ijaarame agarsiiftuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa fi fakkeenya ni danda’amaa ta’uu Itti Aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee, Itti Gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee fi Qindeessaa Mana Maree Hidha Haaromsaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbay ibsan. Qajeelchi poolisii walii galaa Magaalaa Finfinnee Waancaa Nageenyaa Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichaa komishinii Poolisii Naannoo Oromiyaf kenneera. Komishinarri Komishinii Poolisii Naanno Oromiyaa Leetenaal Jeneraal Dirribaa Mokonnin Ajajaa Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaw harkaa Waancicha fudhataniiru. Sirni walharkaa fudhiinsaa kun mata duree ‘’Pirojektiin Hidha Haaromsa Guddichi agarsiiftuu jalqabnee xumuruu keenyaa, hidhi haaromsaa guddichi Pirojektii Hidha haaromsaa mallattoo tokkummaa keenyaa” jedhuun gaggeeffameera. Itti Aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee, Itti Gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee fi Qindeessaa Mana Maree Hidha Haaromsaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbay saganticha irratti, Hidhi haaromsaa akkuma Akaakileen keenya dhiiga isaaniitiin Itiyophiyaa tiksan, Pirojektii waloo dhaloonni Ammaa dafqa isaatiin biyya itti misoomsu ta’uu ibsaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa Dr. Aragaawii Barihee gamasaaniin, deeggarsi Itiyoophiyaanonni gama hundaan taasisan yaadatamaa dalootaa dhalootatti kan darbu mallattoo injifannoo seena qabeessa ta’uu dubbataniiru. Ajajaan qajeelcha Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaw, Waanchaa Nagaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa harkaa fudhachuun Kutaa Magaalaa hundatti Sagantaan Galii walitti qabuu gaggeefamaa turuu beeksisaniiru. Komishinarri Komishinii Poolisii Naanno Oromiyaa Leetenaal Jeneraal Dirribaa Mokonnin, Miseensonni Poolisii Naannichaa, Dhaabbilee Nageenyaa Federaalaa waliin qindoomuun nageenya naannichaa egsisuu dabalatee misoomarrattis dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Poolisiin Mgaala Finfinnee bara 2016 waancaa nagaa poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa irraa fudhatee milkaa’ina ijaarsa hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddichaaf deeggarsa maallaqaa taassisaa turera.
Hojiiwwan guddina magaalotaa si’achiisuuf hojjetamaniin bu’aan argamera
Jul 2, 2025 43
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Hojiiwwan bara bajatichaa hawaasaa fi qooda fudhattoota hrmaachisuun guddina magaalotaa si’achiisuuf hojjetamaniin bu’aan argamuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii beeksian. Ministeerichi raawwii hojii karoora bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti qorachaa jira. Ministir Caaltuu saanii Waltajichi wayita banamu dubbii dubbatanii, waggoota muraasa dura magaalaawwan biyyattii guddachaa dhufaniiru jedhna. Bara bajatichaa guddina magaalotaa si’achiisuu fi tajaajiloota mana qopheessaa hawaasaa kennan sadarkaa olaanaatti guddisuuf xiyyeefatamee hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru. Keessumaa bara bajatichaa guddina magaalotaa si’achiisuuf hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa turuu eeranii, kanaanis tajaajiloota mana qopheessaa magaalotaa si’ataa taasisuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf hojiin hojjetaman jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru. Hojiiwwan ijaarsa manneen jireenyaa, qonna magaalaa, miidhagina magaalaa fi misooma magariisaa akkasumas hojeeffama kaadaastara irratti qooda fudhattoota waliin hojjetaman bu’a qabeessa ta’uu himaniiru. Magaalonni jireenyaaf mijataa fi hawataa gochuurra darbee galii magaalotaa guddisuuf tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuuf, pirojektoota bu’ura misoomaa magaalotaa babal’isuun bu’aaleen hedduun argamuu himaniiru. Sagantaan wabi nyaataa magaalotaa jireenya lammiilee hedduu jijjiiruun aadaa hojii fi qusannaa gabbisuusaa dubbataniiru. Gorsaan ministira magaalaa fi bu’ura misoomaa Tasfaayee Hayila mikaa’el gabaasa waltajjicharratti dhiheessaniin akka jedhanitti, jireenya lammiilee magaalaa jireenya gad aanaarra jiranii fooyyessuuf sagantaa wabii nyaataa magaalaatiin birriin biiliyoona 15 hojiirra ooluu himaniiru. Lammiileen kunneen sagantaa wabii nyaataa irratti bobba’aniin galii isaanii guyyaarraa birrii miiliyoona 770 qusachuun hojii misoomaa biraatti cehuusaanii eeraniiru. Galii mana qopheessaa guddisuuf hojii hojjetameen galiin birrii biiliyoona 76 walitti qabamuu ibsanii, kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu birrii biiliyoona 30’n akka caalu ibsaniiru. Dhaabbileen ministeerichaaf itti waamaman akkasumas hooggantoonnii olaanoo fi ogeessonni naannolee hundarraa dhufan waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
Godina Booranaatti Lafa  Hektaara kuma135 sanyiin faca’e irraa omishni kuntaalli Miiliyona 1 Tuqaa 9  ni Eegama- Bulchaa Godonicha
Jul 2, 2025 62
Waxabajjii 25/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Boranaatti Baatii Gannaa lafa hektaara kuma 135n sanyiin faca’e irraa callaan Kuntaalli Miiliyoona 1 tuqaa 9 akka Eegamu Bulchaan Godinichaa Abdulsalaam Waariyoo ibsan. Pirizidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi qondaaltonni olaanoo Naanichaa Godina Booranaatti Hojiiwwan Misoomaa daawwachaa jiru. Guyyaa hara’aa Godina Booranaa Aanaa Dirreetti Qamadii Kilaastaraan misoome daawwataniiru. Bulchaa Godina Booranaa Abdulsalam Waariyoo Ibsa Qondaaltota olaanoof kennaniin, Godinichatti baatii lamaan duraa kaasee hanga dhuma Waxabajjiitti hojiin Misooma Qonna Gannaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis lafti hektaarri kuma135 sanyii gosa adda addaan facaafamuu ibsuun, kanneen keesaa lafti hektaarri kuma 56 ol Kilaastaraan Misoomaa jiraachuu fi hektaarri kuma 5 Qamadiin misoomuu ibsaniiru. Midhaan kanneen akka Qamadii, Xaafii, Boloqqee, Maashoo, fi kanneen biroo Misoomuu ibsuuun, kanneen irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 1 tuqaa 9 akka abdatamu dubbataniiru. Godinni Booranaa yeroo ammaa omishtummaa fooyya’aa irratti akka argamtu ibsuun , Aadaan hojii horsiisee bulaa jijiiramaa jiraachuu eeraniiru. Omishtummaan akka guddatuuf Mootummaan deeggarsa adda addaa taassisaa jiraachuu ibsaniiru. Daawwannaa Misoomaa Sanarratti Pirezidaabtii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalis Abdiisaa Dabalatee Paartii Badhaadhinaatti Hoogganaan Waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi Qondaaltonni olaanoon Naannichaa argamaniiru.
Hojiileen oomishaa fi oomishtummaa bunaa godinichatti guddisuun oomishtoota fayyadamoo taasisan hojjetamaa jiru
Jul 2, 2025 41
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Godina wallagga bahaatti hojiileen oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuun oomishtoota fayyadamoo taasisan xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiran waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti dursaan garee misooma bunaa Asaffaa Mokonnon TOI’tti akka himanitti, bara bajataa xumuramaa jirutti oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuuf hojjetamaa tureera. Biqiltuu bunaa sanyii fooyya’aa biqilchuu, bakka bunni itti dhaabamu qopheessuu, buna dulloome gamashuu eeraniiru. Haala Kanaan godinichatti lafti bunni irra dhaabamuu heektaarri kuma 43 qophaa’uu himanii, biqiltuun dhaabamus buufataalee biqiltuu mootummaa fi dhuunfaatti qophaa’uu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni misooma bunaa irratti hojjetan dhaabbii bunaa irratti hirmaachuuf oomishtummaasaanii akka guddisan ogeeyyonni deeggaraa akka jiran kaasaniiru. Keessumaa qonnaan bultoonni adeemsa oomisha bunaarratti teeknooloojiiwwan haaraa akka fayyadaman jajjabeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Godinichatti jiraataan aanaa Sibuu Siree qonnaan bulaa Duulaa Tasfaayee yaada kennaniin, qonnaan bultoota naannawaa waiin gurmaa’uun Buna kilaastaraan omishuu eegaluusaanii dubbataniiru. Buna baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun caalaatti fayyadamoo ta’uuf hojjechaa jiraachii ibsanii, ogeeyyonni qonnaa isaan deeggaraa akka jiran kaasaniiru. Qonnaan bulaan Asfawu Gabbisaa, buna oomishuu erga eegalanii waggaa lama akka guute eeranii, bara kana qonnaan bultoota 40 waliin ta’uun biqiltuu bunaa kuma 64 caalu dhaabuusaanii dubbataniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa-obbo Adam Faaraah
Jul 1, 2025 190
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa jedhan sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugalaa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffameera. Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, bu’aa gama hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaan naannichatti galmaa’aa jiru ittifufsiisuuf waldeeggaruun hojjechuu barbaachisa. Konfaransichi naannichatti nagaa, misoomaa fi tokkummaa irratti jijjiirama gaarii fiduun fi fayyadama ummataa mirkaneessuun dhimmoota bulchiinsa gaarii sadarkaa caalutti ceesisuuf akka deeggaru eeraniiru.   Yeroo itti aanutti seenessoota qoqqoodan dhabamsiisuuf yaadama ida’amuutiin obbolimmaa fi obboleettummaa cimsuun imala badhaadhinaa si’achiisuu barbaachisa jedhaniiru. Sab-daneessummaa eenyummaa waloo gabbisan mirkaneessuuf komii darbe dhiifamaan bira darbuun egereef bu’aa caalu galmeessuuf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Dhaabbilee cimoo sadarkaa naannootti uumuun hooggansa ga’umsa qabuun akka gaggeeffaman gochuun dhaloota hojmaata badaa fi malaammaltummaa jibbu uumuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru. Inisheetiivota misoomaa garagaraa sadarkaa olaanaatti ceesisuun badhaadhina naannichaa mirkaneessuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahun Kabbadaa gamasaaniin, bariituu naannichi hundeeffamee eegalee seenessoota waloo walooma cimsan hubachuusuuf hojiin hojjetame bu’aa buusuu dubbataniiru. Ija dandeettii naannichi misoomuu qabuun yoo ilaalamu ammallee hedduun akka hafu eeranii, gama hundaan bu’aa caalu galmeessisuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.
Kooriyaan Kibbaa michooma bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu hariiroo dinagdee Olaanaatti Guddisuu feeti-Ittaanaa Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang
Jun 26, 2025 334
Waxabajjii 19/2017(TOI)- Kooriyaan Kibbaa michooma bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu hariiroo Invastimantii fi dinagdee Olaanaatti Guddisuu akka feetu Ittaanaan Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang dubbatan. Pireaidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee miseensota garee olaanaa Kooriyaa Kibbaa waajjirasaaniitti simatanii Haasofsiisaniiru. Marii taasifame ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan Ittaanaan Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang, aarsaa Itiyoophiyaan nageenya Kooriyaaf kaffalteef kabaja qaban pirezidaant Taayyeef Ibsuusaanii dubbataniiru.   Itti dabaluunis, Kooriyaan Kibbaa Itiyoophiyaa waliin Dameelee Invastimantii fi misoomaatiin tumsaan hojjechuu akka barbaaddu dubbataniiru. Kanaaf ammoo gama Itiyoophiyaatiin kutannoon akka jiru pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseerraa mirkaneeffachuusaanii dubbataniiru. Garee Jilaa kana waajjirasaaniitti simatanii kan haasofsiisan pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen, Hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti akka cehu Itiyoophiyaan fedhii akka qabdu dubbataniiru.​​​​​​​   Invastimantiin Dureeyyiin Kooriyaa Kibbaa Itiyoophiyaa Keessaa qaban akka cimu mootummaan deeggarsa barbaachisus nitaasisa. Gareen jila olaanaa miseensota mana maree Kooriyaa Kibbaa ofkeessaa qabu Itiyoophiyaa daawwachaa jira.
Dhaabbieen amantaa dhimmoota ijoo Biyya Bu’ura cimaarra dhaaban irratti waliigaltee uumuuf ittigaafatama  oalaanaa qabu-Komishinicha
Jun 26, 2025 267
Waxabajjii 19/2017(TOI)- Dhaabbieen amantaa dhimmoota Baay’ee ijoo ta’an Biyya Bu’ura cimaarra dhaaban irratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ittigaafatama oalaanaa akka qaban Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibse. Komishinichi mata duree marii biyyaalessaa bu’uraaf qooda hayyoota amantaa” jedhuun Hayyoota amantaa garagaraa waliin Finfinneetti Mari’achaa jira. Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Mahamud Diriir Baniisa Mariirratti Haasawa taasisaniin, dhaabbileen amantaa tokkummaa fi birmadummaan biyyaa akka kabajamu gumaacha olaanaa qabu. Komishinichi dhimmoota bu’uraarratti mari’atee waliigaltee uumuuf Ajandaa Marii hammataa ta’e adda bassee xumuraa akka jiru kaasaniiru. Itiyoophiyaan mariirra jirti kan jedhan komishinarichi, dhaabbileen amantaa fi hayyoonni biyyi akka ittifuftuu fi nageenya fulla’aaf qoodasaanii olaanaa akka bahan mariin kun carraa seenaqabeessa uumeera jedhaniiru. Abbootiin amantaa Garaagarummaa yaadaa fi waldhabdee mareen furuun murrteessaa ta’uu barsiisa guyyuu keessatti kaasaa jiraachuu eeraniiru. Kun ammoo kaayyoo komishinichaa kan deeggaruu fi nageenya fulla’aa waan fiduuf komishinichi qooda dhaabbieen amantaa qaban hubachuun marii biyyaalessaarratti hirmaannaa ijoo akka taasisan taasifamuu ibsaniiru. Abbootiin amantaa dhageettii fi fudhatama hordoftootasaaniirraa qaban fayyadamuun waldhabdeen marii qofaan akka furamuu fi nagaan fulla’aa biyyi akka ittifuftu mirkaneessu fiduurratti waliin nihojjenna jedhaniiru. Dhaabbileen amantaa adeemsa ajandaa walitti qabuurratti hirmaachuusaanii yaadachiisaanii, sagantaa hirmaattota fo’achuu fi ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraayitti adeemsifamurratti hirmaannaa akka taasisan gaafataniiru. Dhimmoota Biyyalessaa bu’uraarratti wliigaltee amma uumamuu fi furmaanni fulla’aan amma dhufutti dhaabbileen amantaa fi hayyoonni ittigfaatama dacha akka bahn waamicha dhiheessaniiru.
Waggoottan Jijjiiramaatti Haalli Mijataa fi Hojiin Boonsaan Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Hojjetamaniiru
Jun 25, 2025 377
Waxabajjii 18/2017(TOI)- Waggoottan Jijjiiramaatti Haalli Mijataa fi Hojiin Boonsaan Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Heddummina Keessatti Hojjetamuusaanii Hoogganaan Damee Hariiroo Idil Addunyaa fi Ummataa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa Ibsan. Leenjiin Hooggantoota Miidiyaa fii Komunikeeshinii Mata Duree “Bara dhugaan Boodaa Beekumsaa fi Dhugaan” Jedhuun Magaalaa Bahaar Daaritti Kennamaa Jira. Doktar Biqilaa Hurrisaa Leenjicharratti, Waggoottan Jijjiiramaa Toorba Darbanitti Hojiileen Bu’a Qabeessi Itiyoophiyaanota Walitti Fidan Hojjetamuusaaniiru. Kunneenis Tokkummaa Sabdaneessummaa, Walkabajaa fi Walgargaarsa Aadeffachuun Heddummina Keessatti Hala Mijataa fi Hojii Boonsaa Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Ta’uusaanii Ibsaniiru. Aadaan Hojii Akka Guddatuu fi Biyyasaaniitti Hojjetanii Hortee Qabachuu Akka Danda’an Haalli Mijataa Uumamuusaa Himanii, Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Milkaa’inaan Xumuramaa Jiruu fi Dhimmi Ulaa Galaanaa Ajandaa Taasifameera Jedhan. Bu’aa Argameef Dameen Miidiyaa fi Komunikeeshinii Qooda Guddaa Bahuusaa Eeranii, Dameen Kun Ammallee Haqa Baasuun Seenessa Waloo Uumuu fi Faayidaa Biyyaalessaa Kabachiisuuf ciminaan qoodasaa Bahuu Qaba Jechuun Hubachiisaniiru. Kaayyoon Leenjii Kanaas Injifannoo Argame Olaantummaa Yadaan Itti fufsiisuuf Hojiilee Beekumsa, Ogummaa fi Ilaalchaan Gabbatee fi Walsime hojjechuuf Kan Akka Ta’e Eeraniiru. Gareen Finxaalessaa Naannoo Amaaraatti Misooma, Guddinaa fi Badhaadhina Ummata Naannichaaf Kan Dhiphatu Akka Hintaane Qabatamaan Mirkanaa’eera Kan Jedhan Ammoo Paartii Badhaadhinaatti Hoogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Yirgaa Sisaayi. Tarkaanfii Seera Kabachiisuuf Fudhatameen Gocha Badii Garee Finxaaleyyii Maqsuun Nagaa Buusuun Hojiileen Misooma Ummata Fayyadan Raawwachuusaanii Ibsaniiru. Akkaataa Inisheetiivota Paartii Keenyaatiin Misooma Kooriidarii agaalaa Dabalatee Riqicha Abbayyaa fi Pirojektoota Gurguddoo Ijaaree Xumuruun Qabatamaan Agarsiisuu danda’eera Jedhaniiru. Pirojektiin Gorgoraa fi Bu’uraaleen Misoomaa Daandii Hojii Fayyadama Ummataa Guddisan Akka Ta’an Kaasaniiru. Hooggantoonni Damee Miidiyaa fi Komunikeeshinii Naannichaarraa Walitti Dhufan Leenjii Har’aa Eegalee Guyyaa Sadiif Turu Kanarratti Hirmaachaa Akka Jiran Beekameera.

Hawaasummaa
Labsichi lammiilee hojiif biyya alaatti ergaman sirnaan hoogganuun kabajaa fi faayidaa isaanii kan eegsisudha-Ministira Mufarihaat Kaamil
Jul 2, 2025 83
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Labsichi lammiilee hojiif biyya alaa garagaraatti ergaman sirnaan hoogganuun kabajaa fi faayidaa isaanii eegsisuu kan dandeessisu ta’uu Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 41ffaa kaleessa gaggeesseen labsii lmmiilee Itiyoophiyaa hojiif biyyal alaatti erguuf dandeessisu ilaalee mirkaneesseera. Labsichi mirgi, nageenyii fi kabajni lammiilee akka eegamu kan taasisu akkasumas faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaan damee kanarraa argachuu qabdu akka argatu kan taasisudha. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil labsichi lammiilee hojiif biyya alaatti erguu ilaalchisee tumaalee bal’aa ofkeessaa qaba. Dhimmoota waggoottan jijjiiramaa xiyyeeffannaan kennameef keessaa tokko dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffate ta’uu eeranii, labsichi kana hubannoo keessa galchuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Gama dippilomaasii namarratti xiyyeeffateetiin nageenyi lammiilee fi faayidaan biyyaa kan jalqabaa fi kan xumuraa akka ta’an gochuu ilaallata jedhaniiru. Labsichi Namoota seeraan ala deddeebisuu hambisuun qooda guddaa akka qabaatu eeruun, lammiileen biyya alaatti hojjechuu barbaadan kabajnii fi faayidaansaanii eegameefii karaa seera qabeessaa akka deeman taasisa jedhaniiru. Labsichi lammiin biyya alaatti hojjechuu barbaadu barumsa gitni hojii barbaadu, beekumsa damee sanarratti qabu, ogummaa fi muuxannoo hojii akka qabaatan kan dandeessisu akka ta’e eeraniiru. Damee hojii irratti qacaraman irratti jiddugala madaallii seera qabeessa irraa raga ga’umsa ogummaa mirkaneessu akka argatan akka taasisu ta’uus ministirittiin ibsaniiru. Sirni leenjii fi ga’oomsuu cimaan akka dhimma murteessaa tokkooti kan jedhan ministirittiin, ofitti amanamummaa fi dandeettiin mariin waliigaluun qacaramuu lammiilee akka guddatu gochuuf labsichi qooda guddaa qaba jedhan. Labsichi damee kanarratti kan hojjetan gurmaa’insaa fi sirna hojmaataa akka qabaatan kan godhu ta’uusaa dabalanii ibsaniiru.
Tajaajila waldhaansa Kaansarii babal’isuuf misooma humna namaa fi Teekinooloojiif  Xiyyeeffannoon Kennameera-Dr.Maqdas Dhaabaa
Jul 1, 2025 103
Waxabajjii 24/2017(TOI)-Itiyoophiyaan taajaajila waldhaansa kaansarii babal’isuuf misooma namaa fi teekinooloojiif xiyyeeffannoo kennite cimsitee itti fufti jedhan Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa ibsan. Ejensiin Inarjii Atoomikii Idil Addunyaa gama isaatiin, Itiyoophiyaatti wal’aansa kaansarii babal’isuuf deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu ibseera. Yaa’iin Idila Addunyaa Ministeerri fayyaa Ejensii Inarjii Atoomikii Idil Addunyaa waliin ta’uun mata duree ‘’ ifa abdii ‘’ jedhuun qopheessanii fi Atoomik Inarjiin gama fayyaan faayidaa qabu irratti marii’atu Galma walga’ii Gamtaa Afriikaatti gaggeeffamaa jira. Yaa’icha cinaatti Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa,Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Ballaxaa Mollaa, hoggantoonni mootummaa olaanoo fi Daarektarri olaanaa Ejensii Annisaa Atoomikii Idil Addunyaa jeneraal Maariyaanoo Giroosii Gidduugala Qorichaa Nikulaaraa Hospitaala Xuqur Anbassaa Eebbisaniiru. Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa saganticha irrati akka ibsanitti, dhukkuba kaansarii ittisuuf akkasumas dhaqqabummaa waldhaansa isaa bal’isuuf baasii guddaa gaafata. Kanaaf Mootummaan kaansarii yaaddoo fayyaa hawaasaa kan ta’e ittisuuf misooma humna namaa fi teekinooloojii irratti xiyyeeffachuun lammiilee wal’aansa barbaadaniif qorannoo kaansarii fi waldhaansaa raadiyeeshinii babal’isuuf xiyyeeffachuu beeksisaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf dhaabbilee deeggartoota waliin ta’uun hojii bal’aa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu Ministeerichi Ejensii Anniisaa Atoomikii Idil addunyaa waliin ta’uun wiirtuuwwan wal’aansa Raadiyeeshinii kaansariif hojiin mijatoo ta’an akka hundeeffaman haala mijeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Gahumsa Ogeeyyii toora sanaan jiranii guddisuuf kan dandeesisan hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hojiin toora Kanaan hojjetamu fuuldurattis cimee akka ittifufu mirkaneessaniiru. Daarektarri olaanaan Ejensii Inarjii Atoomikii idil Addunyaa Maariyaanoo Giroosii gama isaaniin Ejensichi Itiyoophiyaan fayyaa lammiileeshee eeguuf hojiiwwan gama hedduun hojjettu deeggaruu cimsee itti fufa jedhaniiru. Oduu walfakkaatuun, Daarektarri olaanaan Ejensii anniisa Atoomikii Idil Addunyaa Maariyaanoo Giroosii hambaalee Seenaa Itiyophiyaa Masaraa biyyoolessaa keessatti argamu daawwataniiru.
Yuunversiitiiwwan Hojiiwwan Qorannoo Bu’aa Qabeessa Dhiheessuun Imala Badhaadhina biyyaa deeggaruun isaanirraa eegama-Pirofeesar Birhaanuu Naggaa
Jun 30, 2025 166
Waxabajjii 23/2017(TOI)-Ministirri Barnootaa pirofeesar Biraanuu Naggaa, Yuunvarsiitiiwwan qorannoo bu’aa qabeessa ta’ee fi galmoota misooma biyyoolessaa milkessuuf deeggaru dhiheessuun fi imala badhaadhinaaf gumaacha taassisuun akka irraa eegamu ibsan. Ministirichi guyyaa hara’a kutaa hawaasaa Yuunvarsiitii Boongaa waliin dhimmoota adda addaa irraatii marii’ataniiru. Yuunversiitiiwwan hojii baruu fi barsiisuu beekumsa irratti hundaa’e raawwachuurra darbee, wiirtuu qorannoo ta’uu qabu jedhaniiru ministirichi wayita kanatti. Qorannoowwan Galmoota misooma biyyoolessaa milkeessanii fi bu’aa qabatamaan mirkanaa’an dhiheessuudhaan Imala Badhaadhinaa eegalame deeggaruun akka iraa eregamu hubachiisaniiru. Yaadama naannoo keessa bahuun beekumsa Idil Addunyaa qabsiisuu fi Qorannoowwan Jireenya hawaasaa jijjiiran irratti xiyyeeffachuu akka qaban eeraniiru. Yuunversiitonni lammii yaada qaban fi yaadota biyyaaf fayyadan maddisiisuun dhaabilee wiirtuu dhugaa fi beekumsaa gochuu qabdu jedhaniiru. Barsiisonni yuunvarsiitii yeroo hunda of fooyyessuun fi Ilaalcha Idil Adduyaa qabaachuun akka isaan irraa eegamu eeruun, rakkoon barsiisotaa adeemsa keessa hiikamu jechuun ibsaniiru. Rakkoolee Yuunvarsiitii Boongaa Mudatan furuun haala fuulduratti tarkaanfaturratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisuun, dhaabatichaaf deeggarsiii fi hordoffiin dhiheenyaan akka taassifamu himaniiru. Eggataan Pirezidaantii Yuunvarsiitii Boongaa Dr. Degala Ergenoo gama isaaniin, kutaa Hawaasaa Yuunvarsiitii sadarkaa sadarkaan jiran waliin marii gaggeeffameen dhaabbaticha gara sadarkaa fooyya’aatti ceessisuuf galmi kaa’amee gara raawwiitti galameera jedhaniiru. Kanaafis hojiiwwan adda addaa raawwatamuu fi kana cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun kanaafis gaheen hawaasa Yuunvarsiitii olaanaadha jedhaniiru. Saganticha irratti dub deebiin deeggarsaa fi hordoffii bara bajaataa 2017 dhihaatee irratti marii’atameera. Hoggantoonni Hojii Yuunversiitichaa, Barsiisonni, Bulchiinsii fi Hojjettoonni Deeggaarsaa Maricha irratti Hirmaachuunsaanii Ibsameera.
Diinagdee
Ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa gaaffilee hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan bal’inaan raawwatamaa jira
Jul 2, 2025 76
Waxabajjii 25/2017(TOI)-Ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa gaaffilee hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan magaalaawwan naannoo Oromiyaatti bal’inaan raawwatamaa jiraachuu sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannichaatti qindeessaan misooma magaalaa Masfin Malaakuu ibsan. Godina Wallagga Lixaa aanaa Yuubdootti dhaabbileen bu’ura misoomaa garagaraa ijaarsisaanii xumurame hooggantoonni olaanoo mootummaa naannichaa bakka argamanitti eebbifamanii eebbaaf gahaniiru. Kanneen keessaa jiddugalli dargaggootaa, manni barumsaa ifa boruu Yuubdoo fi kanneen biroos keessatti argamu. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannichaatti qindeessaan misooma magaalaa Masfin Malaakuu sirna eebbaarratti, ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa jiraattota fayyadamoo taasisan bal’inaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Pirojektoonni bu’ura misoomaa magaalota naannichaatti bara bajatichaa ijaaramaa turan tibbana eebbifamanii tajaajilaaf oolaa akka jiran himaniiru.   Fuulduras ijaarsi pirojektoota bu’ura misoomaa sochii hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mijeessan cimee ittifufa jedhaniiru. Keessumaa dhaabbileen bu’ura misoomaa Wallagga Lixaatti xumuraanii tajaajilaa qaqqaban misooma naanawichaa kan dadammaqasan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti sochiin misoomaa abdachiisaan dhufuusaa eeranii, yoomiyyuu caalaa ummanni nageenyasaa eeguu akka qabu hubachiisaniiru. Bulchaan godina wallagga Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa gamasaaniin, ngeenya naannichaa cimsuun cinaatti gaffilee misoomaa ummanni gaafatu deebisuuf karoorri yeroo dheeraa fi gabaabaa qophaa’ee hojeeffamaa jira jedhaniiru. Guyyaa har’aas dhaabbileen bu’ura misoomaa birrii miiliyoona 249 caaluun ijaaraman tajaajila ummataaf banamuusaanii ibsaniiru.
Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi Walta’insaan kan ijaarame Agarsiiftuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa, fakkeenya ni danda’amaati-Obbo Jaanxiraar Abbay
Jul 2, 2025 64
Waxabajjii 25/2017(TOI)-Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi Walta’insaan kan ijaarame agarsiiftuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa fi fakkeenya ni danda’amaa ta’uu Itti Aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee, Itti Gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee fi Qindeessaa Mana Maree Hidha Haaromsaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbay ibsan. Qajeelchi poolisii walii galaa Magaalaa Finfinnee Waancaa Nageenyaa Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichaa komishinii Poolisii Naannoo Oromiyaf kenneera. Komishinarri Komishinii Poolisii Naanno Oromiyaa Leetenaal Jeneraal Dirribaa Mokonnin Ajajaa Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaw harkaa Waancicha fudhataniiru. Sirni walharkaa fudhiinsaa kun mata duree ‘’Pirojektiin Hidha Haaromsa Guddichi agarsiiftuu jalqabnee xumuruu keenyaa, hidhi haaromsaa guddichi Pirojektii Hidha haaromsaa mallattoo tokkummaa keenyaa” jedhuun gaggeeffameera. Itti Aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee, Itti Gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee fi Qindeessaa Mana Maree Hidha Haaromsaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbay saganticha irratti, Hidhi haaromsaa akkuma Akaakileen keenya dhiiga isaaniitiin Itiyophiyaa tiksan, Pirojektii waloo dhaloonni Ammaa dafqa isaatiin biyya itti misoomsu ta’uu ibsaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa Dr. Aragaawii Barihee gamasaaniin, deeggarsi Itiyoophiyaanonni gama hundaan taasisan yaadatamaa dalootaa dhalootatti kan darbu mallattoo injifannoo seena qabeessa ta’uu dubbataniiru. Ajajaan qajeelcha Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaw, Waanchaa Nagaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa harkaa fudhachuun Kutaa Magaalaa hundatti Sagantaan Galii walitti qabuu gaggeefamaa turuu beeksisaniiru. Komishinarri Komishinii Poolisii Naanno Oromiyaa Leetenaal Jeneraal Dirribaa Mokonnin, Miseensonni Poolisii Naannichaa, Dhaabbilee Nageenyaa Federaalaa waliin qindoomuun nageenya naannichaa egsisuu dabalatee misoomarrattis dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Poolisiin Mgaala Finfinnee bara 2016 waancaa nagaa poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa irraa fudhatee milkaa’ina ijaarsa hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddichaaf deeggarsa maallaqaa taassisaa turera.
Hojiiwwan guddina magaalotaa si’achiisuuf hojjetamaniin bu’aan argamera
Jul 2, 2025 43
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Hojiiwwan bara bajatichaa hawaasaa fi qooda fudhattoota hrmaachisuun guddina magaalotaa si’achiisuuf hojjetamaniin bu’aan argamuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii beeksian. Ministeerichi raawwii hojii karoora bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti qorachaa jira. Ministir Caaltuu saanii Waltajichi wayita banamu dubbii dubbatanii, waggoota muraasa dura magaalaawwan biyyattii guddachaa dhufaniiru jedhna. Bara bajatichaa guddina magaalotaa si’achiisuu fi tajaajiloota mana qopheessaa hawaasaa kennan sadarkaa olaanaatti guddisuuf xiyyeefatamee hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru. Keessumaa bara bajatichaa guddina magaalotaa si’achiisuuf hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa turuu eeranii, kanaanis tajaajiloota mana qopheessaa magaalotaa si’ataa taasisuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf hojiin hojjetaman jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru. Hojiiwwan ijaarsa manneen jireenyaa, qonna magaalaa, miidhagina magaalaa fi misooma magariisaa akkasumas hojeeffama kaadaastara irratti qooda fudhattoota waliin hojjetaman bu’a qabeessa ta’uu himaniiru. Magaalonni jireenyaaf mijataa fi hawataa gochuurra darbee galii magaalotaa guddisuuf tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuuf, pirojektoota bu’ura misoomaa magaalotaa babal’isuun bu’aaleen hedduun argamuu himaniiru. Sagantaan wabi nyaataa magaalotaa jireenya lammiilee hedduu jijjiiruun aadaa hojii fi qusannaa gabbisuusaa dubbataniiru. Gorsaan ministira magaalaa fi bu’ura misoomaa Tasfaayee Hayila mikaa’el gabaasa waltajjicharratti dhiheessaniin akka jedhanitti, jireenya lammiilee magaalaa jireenya gad aanaarra jiranii fooyyessuuf sagantaa wabii nyaataa magaalaatiin birriin biiliyoona 15 hojiirra ooluu himaniiru. Lammiileen kunneen sagantaa wabii nyaataa irratti bobba’aniin galii isaanii guyyaarraa birrii miiliyoona 770 qusachuun hojii misoomaa biraatti cehuusaanii eeraniiru. Galii mana qopheessaa guddisuuf hojii hojjetameen galiin birrii biiliyoona 76 walitti qabamuu ibsanii, kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu birrii biiliyoona 30’n akka caalu ibsaniiru. Dhaabbileen ministeerichaaf itti waamaman akkasumas hooggantoonnii olaanoo fi ogeessonni naannolee hundarraa dhufan waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
Godina Booranaatti Lafa  Hektaara kuma135 sanyiin faca’e irraa omishni kuntaalli Miiliyona 1 Tuqaa 9  ni Eegama- Bulchaa Godonicha
Jul 2, 2025 62
Waxabajjii 25/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Boranaatti Baatii Gannaa lafa hektaara kuma 135n sanyiin faca’e irraa callaan Kuntaalli Miiliyoona 1 tuqaa 9 akka Eegamu Bulchaan Godinichaa Abdulsalaam Waariyoo ibsan. Pirizidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi qondaaltonni olaanoo Naanichaa Godina Booranaatti Hojiiwwan Misoomaa daawwachaa jiru. Guyyaa hara’aa Godina Booranaa Aanaa Dirreetti Qamadii Kilaastaraan misoome daawwataniiru. Bulchaa Godina Booranaa Abdulsalam Waariyoo Ibsa Qondaaltota olaanoof kennaniin, Godinichatti baatii lamaan duraa kaasee hanga dhuma Waxabajjiitti hojiin Misooma Qonna Gannaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis lafti hektaarri kuma135 sanyii gosa adda addaan facaafamuu ibsuun, kanneen keesaa lafti hektaarri kuma 56 ol Kilaastaraan Misoomaa jiraachuu fi hektaarri kuma 5 Qamadiin misoomuu ibsaniiru. Midhaan kanneen akka Qamadii, Xaafii, Boloqqee, Maashoo, fi kanneen biroo Misoomuu ibsuuun, kanneen irraa omishni Kuntaala Miiliyoona 1 tuqaa 9 akka abdatamu dubbataniiru. Godinni Booranaa yeroo ammaa omishtummaa fooyya’aa irratti akka argamtu ibsuun , Aadaan hojii horsiisee bulaa jijiiramaa jiraachuu eeraniiru. Omishtummaan akka guddatuuf Mootummaan deeggarsa adda addaa taassisaa jiraachuu ibsaniiru. Daawwannaa Misoomaa Sanarratti Pirezidaabtii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalis Abdiisaa Dabalatee Paartii Badhaadhinaatti Hoogganaan Waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi Qondaaltonni olaanoon Naannichaa argamaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Akkaadaamiin Leenjii Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa jira-Abbaa taayitichaa
Jul 1, 2025 86
Waxabajjii 24/2017(TOI)- Akkaadaamiin Leenjii Abbaa taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf hedduuf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa akka jiru daarektarri tajaajila reeguleeshinii ernaavigeeshinii fi eeggataan daarektaraa akkaadaamichaa Li’ulsaggad Gullulaat ibsan. Akkadaamichi bu’a qabeessummaa industirichaaf ogeeyyota horachaa jira jedhan turtii TOI waliin Taasisaniin. Waggoota dheeraaf naannolee biyyattii garagaraatti to’annaa tiraafika qilleensaa, damee komunikeeshinii fi Naavigeeshin Sarviilaansi(CNC)n ogeeyyota Aviyeeshinii ga’oomaa boddaasaa akka jiru eeraniiru. Bara kana qofa ogeeyyota 86 leenjisee hojiitti galchuu kaasaniiru. Akkaadaamichi biyyoota ollaa fi biyyoota Afriikaa biroof leenjii ga’aa kennaa akka jiruu fi fudhatama guddaa argachaa akka jiru dubbataniiru. Dhihoo kana leenjifamtoota Aviyeeshinii Jibutii, Somaaliyaa akkasumas Komoroosii fi biyyoota biroorraa dhufan leenjisuusaa dubbataniiru. Biyyoonni Afriikaa hedduun ogeeyyotasaanii akkaadaamii leenjii Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti leenjisuuf leenjisuuf filachuusaanii dubbataniiru. Akkaadaamichi Afriikaa keessaa maqaa gudda fi fudhatama akka qabu kaasanii, riijinicha walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Akkaadaamichatti leenjiftuu fi to’attuun tiraafika qilleemsaa Beeteliheem Mollaa Gamasheetiin, leenjichi sadarkaa industiriin Aviyeeshinii addunyaa irra gaheen kennamaa akka jiru ibsiteetti. Baatii sadan darban leenjii ga’aa argachuusaa kan dubbate ammoo Dirree Dawaa irraa kan dhufe Mintasinoot Alamaayyoo jedhama.
Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025  sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa guddaa argamsiiseera- Dr.Balaxaa Mollaa 
Jul 1, 2025 61
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Waggoottan shanan darban hojiirra oolaa kan ture dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa argamsiiseera jechuun Ministirri Teekinooloojii fi Innovaashinii Dr.Ballaxaa Mollaa Ibsan. Mistirichi turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti , guddina waliigalaa biyya tokkoo mirkaneessuun kan danda’amu sirni hojmaataa Saayinsii fi Teekinooloojiin, akkasumas Innoveeshiniin yoo deegaramedha. Itiyoophiyaan hammattoo seeraa fi Tarsiimoo sirna dijiitaalaatti galuuf ishee dandeessisu qopheessitee hojii eegaluushee ibsaniiru. Dabalataanis bu’uuraaleen misoomaa gara sirna dijiitaalaatti galchuuf gargaaran guutamanii hojiirra ooluu jalqabuu beeksisaniiru. Tarsiimichi Riifoormii Dinagdee Mandhalee fi tarsiimoo karoora misoomaa waggaa 10 akkasumas Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa Afriikaa waliin walitti hidhamee raawwatamaa turuu ibsaniiru. Waggoottan darban hojiirra oolaa kan ture tarsiimoon Dijiittal Itiyoophiyaa 2025 baatii tokkoo booda akka goolabamu ibsuun, hanga 20230tti hojiirra kan oolu tarsiimoon waggaa shanii qophaa’aa akka jiru ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 waggoottan shanan darban hojiirra oolaa ture damee saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshiniirratti bu’aan guddaan akka irraa argame ministirichi beeksisaniiru. Waggoota shanan darban sirna kaffaltii Dijiitaalaa Diriirsuun Tajaajila Dijiitaalaa babal’isuun akkasumas, waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa dhaqabamaa taassisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru. Sirna hojii Mootummaa Ammayyeessuu waliin wal qabatee Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf tattaaffii milkaa’aa taasifamaa jiru keessatti tajaajilli jiddugaleessa tokkoo (Masoob) dhugoomsuuf hojii milkaa’inaa hojjetaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi Tajaajila Teekinooloojii Dijiitaalaa bakka tokkootti fayyadamuun Tajaajiloota Mootummaa adda addaa walitti hidhuun tajaajilaa kennaa akka jiru beeksisaniiru. Fuulduratti tajaajila jiddugaleessa tokkoo (masoob) gara Magaalota Naannooleetti babal’isuun fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’aniif hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa jirti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jun 30, 2025 101
Waxabajjii 23/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii dabalatee qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa akka jirtu Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Yaa’iin idil addunyaa Ministirri fayyaa ejensii inarjii atoomikii idil addunyaa waliin ta’uun mata duree “carariiwwan abdii” jedhuun qopheessanii fi faayidaa atoomiik inarjiin gama fayyaan qabu irratti mari’atu galma walgahii gamtaa Afriikaatti eegalameera. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, daarektar jeneraaliin ejensii atoomiik inarjii idil addunyaa Raafaa’eel Giroosii, ministiroonni, ambaasaaddaroonni, bakka bu’ooni dhaabbilee idil addunyaa fi qooda fudhattoonni waltajjicharratti hirmaataniiru. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen wayita kana, haalli fayyaa addunyaa jijjiiramuusaa eranii, Itiyoophiyaanis sirna fayyaa haala kana bu’uureffate ijaaraa jirti jedhaniiru. Ekisteenshiniin fayyaa hojiirra ooluusaatiin waggoottan darban eegumsi fayyaa namoota hedduu fooyya’uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii fi waldhaansa cararii qaqqabamaa taasisuuf hojjechaa akka jirtu kaasanii, kanaaf ammoo teeknooloojiiwwan yeroon gaafatu fayyadamuu eegaluushee eeraniiru. Waldhaansi cararii ofeeggannoo fi ittigaafatamummaan faayidaarra ooluusaa mirkaneessuuf sirni to’annoo cimaan diriirfamuu himaniiru. Inarjii Nuukilaaraa tajaajila fayyaaf oolchuun waldhaansa cararii bal’isuun dhukkuba kaansarii saffisaan qorannoon adda baasuun jireenya namootaa baraaruuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Kanumaan Walqabsiisuun sagantaan ashaaraa magariisaa fayyaa hawaasaa fooyyessuun jireenya fayyaalessaa gabbisaa akka jiru kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessiteetti-GamtaaTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa
Jun 26, 2025 235
Waxabajjii 18/2017 (TOI)- Itiyoophiyaan yeroo Gabaabaa KeessattiTiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessisuushee GamtaanTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa Beeksise. Daarektarri Riijinii Afriikaa Gamtaan Telekomunikeeshinii Idil Addunyaa (ITU) Imaanu’eel Manasee Itiyoophiyaan Tarsiimoo Dijitaalaa Bocuun fi Hojiirra Oolchuun Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Fiduuf Hojiin Hojjechaa Jirtu Kan Raajeffamu Ta’uu Turtii TOI waliin Taasisaniin Ibsaniiru. Walitti Hidhamiinsi Idil Addunyaa fi Tiraanisfoormeeshiniin Dijitaalaa Galma Tarsiimawaa Gamtichaati Kan Jedhan Daarektarichi Itiyoophiyaan Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Irratti Jijjiirama Olaanaa Fiduushee Himaniiru. Gamtichi Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaa Bocuu fi Deeggarsa Taasisuusaa Dubbataniiru. Itiyoophiyaan Dirree Dijitaalaa Bal’isuun Hojii Dinqisiisaa Hojjechuushee Ibsaniiru. Waggoota sadii Keessatti Sababa Tajaajiloota Dijitaalaatiin Baay’ina Lakkoofsa Fayyadamtoota Teelee Birrii Yeroo Gabaabaatti Miiliyoona 50 Oliin Gahuun Milkaa’ina Guddaadha Jedhan. Carraa Itiyoophiyaa Fuulduraa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa fi Innoveeshinii Keessatti Argaa Jirra Jedhaniiru. Inisheetiiviin Koodarsii Miiliyoona Shanii Itiyoophiyaan Misooma Dijitaalaaf Xiyyeeffnnoo Kennite Ifattia Akka Mul’isu Ibsaniiru. Gamtaan Telekoomii Idil Addunyaa A.L.A Bara 1865 Kan Hundeeffame Ejensii Addaa Dhaabbat Mootummoota Gamtoomanii Isa Hanfafadha. Teessoon Gamtichaa Siwiizarlaand Jenevaa Yoo Ta’u Teekiniiloojiiwwan Odeeffanoo fi Komunikeeshiniin Walqabatan Nihojjeta. Dhaabbanni Idi Addunyaa Kun Itiyoophiyaa Dabalatee Miseensa Biyyoota 194 Qaba.
Ispoortii
Hoggansii  fi gurmaa’insi  waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi  Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral  Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 269
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu dhaabuurratti cimnee nihirmaanna-Jiraattota godina Iluu Abbaa Boor
Jul 2, 2025 48
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu barana dhaabuurratti cimanii akka hirmaatan Jiraattonni godina Iluu Abbaa Boor ibsan. Sagantaan jalqabsiisa biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu bara 2017 godinichatti aanaa Alleetti gaggeeffameera. Jiraataan godinichaa saganticharratti hirmaatan obbo Sisaayi Wandimmuu, sagantaalee biqiltuu waggaa waggaan dhaabuuf qophaa’anirratti hirmaachaa turuu ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun lafti miidhame akka bayyanatu kan godhuu fi oomishtummaa kan dabalu waan ta’eef akkuma waggoottan darbanii baranas biqiltuu dhaabuurratti akka hirmaatan dubbataniiru. Obbo Huseena Kabbadaa biqiltuuwwan dhuunfaa fi waloon dhaabaman irratti gumaacha isaanii taasisaa akka jiran eeraniiru. Hojiilee misooma magariisaa waggoottan darban raawwatamaniin naannoon isaanii jjjiiramaa dhufuu, oomishtummaan fooyya’aa waan jiruuf baranas hirmaannaasaanii akka cimsan ibsaniiru. Bulchaan aanaa Allee Yohaannis Kabbadaa gamasaaniin sagantaa ashaaraa magariisaan aanichatti muduraawwan Avokaadoo, Muuzii dabalatee biqiltuuwwan faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun dhaloota boruu hubannoo keessa galchuun waan ta’eef sagantaa ashaaraa magariisaa gannaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban akka dhaabaman kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Boor Indaalkaachoo Tafariidha.   Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamuun biqiltuuwwan lafa miidhaman bayyanachiisanii fi faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon nitaasifama jedhaniiru. Saganticharratti kan argaman komishinariin komishinii manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shaafii Huseen, biqiltuu dhaabuun madaallii uumamaa eeguu fi naannawa oomisha kennu uumuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojii waggoottan darban hojjetamaniin naannawoonni hedduu miidhaman bayyanatanii magariisatti jijjiiramaniiru jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin hawaasni biqiltuuwwan naannawa jijjiiruu fi faayidaa dinagdee mirkaneessuu danda’an dhaabee akka kunuunsu ergaa dabarsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiireera-kantiibaa magaalaa Adaamaa
Jul 1, 2025 55
Waxabajjii 24/2017 (TOI)- Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiiruusaa kantiibaa magaalaa Adaamaa ibsan. Sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabsiisu har’a gaggeeffameera. Saganticha kan jalqabsiisan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa Hayiluu Jaldee akka jedhanitti, qabeenya uumamaa xiqqaachaa deemu ittisuuf ashaaraan magariisaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Biqiltuuwwan waggoota darban magaalaa Adaamaatti ashaaraa magariisaan dhaabaman bifa magaalatti jijjiiruurra darbee madda galii ta’uun faayidaa buusaa jiru jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiinis sululoota 14 irratti bakka km120 misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru. Kana malees dhaabbilee barnootaa fi fayyaatti akkasumas lafa waloo fi bakka misoomni kooriidaraa itti adeemsifamuu fi bakkeewwan birootti biqiltuun akka dhaabamu dubbataniiru. Hoogganaan biiroo qonnaa magaalaa Adaamaa obbo Alamuu Qilxuu gamasaaniin, biqiltuuwwan muduraa fi bosonaaf oolan magalattii keessa akka dhaabaman dubbataniiru. Sagantaa kanarratti biqiltuu osoo dhaabanii kan dubbifne abbaa Gadaa Magraa Laggasaa TOI’f yaada kennaniin, ashaaraan magariisaa gammoojjummaa qolachuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jiru dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Adaamaa Girmaa Toleeraa gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa bayyanachiisuurra darbee miidhagina magaalattiif ashaaraa kaa’eera jedhan. Haala walfakkaatuun kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar guyyaa har’aa sagantaa shaaraa magariisaa baranaa magaalichatti eegalchiisaniiru. Waamicha ministira muummee fudhachuun barana waggaa jahaffaaf biqiltuun dhaabamuu eeraniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ganna kanaaf biqiltuuwwan muduraa fi mukaa buufata biqiltuu 12tti qophaa’uu dubbataniiru. Sagantaa biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan keessaa obbo Najiib Alamuu sagantaa ashaaraa magariisaa wagga waggaan gaggeeffamurratti hirmaachuusaanii dubbatanii, dhaabuu qofa osoo hintaane kunuunsuun akka barbaachisu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 11592
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015