Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa keenya itti fufiinsa qabudha
Jul 17, 2026 35
Adoolessa 10/2018 (ENA): Oomishtummaa qonnaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa keenya itti fufiinsa qabudha jedhan itti aanaan pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii. Yaa'iin Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa 3ffaa guyyaa har'aa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffameera. Akka itti aanaan pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii jedhanitti, oomishtummaa qonnaa naannichaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kennamee jira. Kunis balaa namtolchee fi uumamaaf deebii ariifataa kennuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadaa walgargaarsa ummata Oromoo kan ta’e Buusaa Gonofaa hojiirra oolchuun bu’aa argamsiisuus hubachiisaniiru. Busaa Gonofaan aadaa deeggarsa hawaasaa fi nyaataan of danda’uu cimsuuf tattaaffii waloo ta’uu ibsaniiru. Kunis aanaalee naannichaa 59 rooba gabaabaa qaba keessatti rakkoolee hawaasummaa uumamuu malu irra aanuuf gargaareera jedhan. Hojiin kun kuufama nyaataa namootaaf ta’u dabaluu qofa osoo hin taane, bishaan kuusuudhaan soorata beeyladaa misoomsuu danda’eera jedhan. Buusaa Gonofaa namoomaaf oolchuuf hojii hojjetameen hawaasni hedduun balaa uumamaafi namtolcheerraa baraaramuu Walitti qabaan Yaa'ii Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuun. Hojii qonnaa fi maanufaakchariingii irratti bobba’uu kan himan Ambaasaaddar Alamaayyoo, magaalota Bulbulaa fi Naqamtee keessatti industiriiwwan piroosesingii qindoome irratti Buusaa Gonofaan Oromiyaa hirmaachaa akka jiru himaniiru. Hojiilee Buusaa Gonofaan hanga yoonaatti hojjetamanis yeroo rakkoo waliif birmachuurra darbee bu'uuraan hawaasa tajaajiluuf hojiilee invastimentii, qonnaa, tajaajila, geejjibaa, maanufaakchariingiifi kanneen biroo keessa seenuun birmadummaa mirkaneessuu jalqabeera jedhani. Bara baajata haaraa kana galmaan ga’uuf qindoominni jiraachuu akka qabus hubachiisaniiru. Hanga ammaatti naannichatti miseensonni miiliyoona 29.4 galmaa’uu kan himan immoo Itti Gaafatamaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Muhammad Jundaati. Bara baajataa xumurame kana keessa namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruuf qabeenyi birrii biiliyoona 3.8 ol walitti qabamuu eeraniiru. Midhaan gosaan walitti qabame kuntaala miiliyoona 2.2 ol nyaata barattootaaf akkasumas akka kuufamaatti akka oolu himaniiru. Hojii kana galmaan ga’uuf hojii qonnaa, horsiisa beeyladaa fi ijaarsa mana kuusaa irratti xiyyeeffachuu isaaniis eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran cimuu qaba
Jul 17, 2026 41
Adoolessa 10/2018 (ENA): Dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran cimuu qaba jedhan Itti Aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Loomii Badhoo. Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa gama isaaniitiin tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu sirna fayyaa dhaabbataa keessatti hammachuu fi dhaqqabummaa fi qulqullina isaa fooyyessuuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sagantaan Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa Damee Fayyaa Bara 2018 Magaalaa Shaggar Mana amala Sirreessaa Daalattiitti ifatti eegalameera. Itti aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Loomii Badhoo haasaa taasisaniin manneen amala sirreessaa iddoo olaantummaan seeraa itti kabajamu qofa osoo hin taane, wiirtuu jijjiiramaa dhalli namaa itti moo’ee fi sirreeffamtoonni beekumsa, dandeettii fi xiinsammuu itti hidhatanii hawaasatti makaman ta’uu ibsaniiru. Sirreeffamtoonni akkuma lammii kamiiyyuu kunuunsa namoomaa fi fayyaa argachuu qaban hunda argachuuf mirga akka qaban eeruun, dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila yaalaa argatan daran fooyya’uu akka qabu ibsaniiru. Tajaajilli fayyaa tola ooltummaa Ganna tajaajila yaalaa argachuufis gahee deeggarsaa akka qabu, tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran babal’isuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Hojiin yaallii fi qorannoon bal’aan qindoomina ogeessota fayyaa mootummaa fi dhuunfaa waliin ta’uun hojjetamuu akka qabu dubbataniiru. Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa, Tajaajilli tola ooltummaa kun sochii biyyaalessaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jalqabsiisan ta’uu eeruun, ministeerichi muuxannoo kana damee fayyaa keessatti cimsee itti fufa jedhani. Tajaajilli tola ooltummaa Ganna waggaa waggaan damee fayyaatiin kennamu ogeessota fayyaa biyyattii, akkasumas ogeeyyii fayyaa diyaaspooraa fi tola ooltota biroo hirmaachisuun raawwatamaa akka jiru himaniiru. Kunis lammiilee hedduudhaaf tajaajila fayyaa dhaqqabamaa ta’e babal’isuuf carraa uumuu akka ta’e akeekaniiru. Sirreeffamtoota manneen amala sirreessaa keessa jiraniifis tajaajilli fayyaa bilisaa, qulqullinaa fi haqa qabeessa ta’e kennamaa akka jirus himaniiru. Dhaabbileen fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti argaman cimsuu fi sadarkaa tajaajila isaanii fooyyessuuf hojiin ni hojjetama jedhaniiru. Sagantaan kun hojii guyyaa tokkoo ykn yeroo tokkoo osoo hin taane, sagantaa itti fufiinsa qabuu fi dhaabbilee fayyaa fi manneen amala sirreessaa guutuu biyyattii keessatti walitti fufiinsaan hojiirra oolu ta’uus ibsaniiru. Hoggantoonnii fi qooda fudhattoonni saganticha irratti hirmaatan sagantaa dhaabbii ashaaraa magariisaa irratti hirmaataniru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Godina Harargee Lixaatti Qonnaan bultoonni misooma Looziirratti bobba’an jireenyisaanii fooyyyeffachuusaanii ibsan
Jul 17, 2026 62
Adoolessa 10/2018 (ENA):Godina Harargee Lixaatti qonnaan bultoonni misooma Loozii irratti bobba'an galii argataniin jireenyi isaanii fooyya'aa dhufuu ibsaniiru. Godinichatti kanaan dura omishawwan baratamaniin olitti, qonnaan bultoonni oomishaalee gabaa irratti barbaadamaa ta'an bal'inaan oomishaa kan jiran yoo ta'u, keessattuu Misoomni Loozii babal'achaa dhufuun isaa ibsameera. Waajirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godinichaa akka ibsetti, aanaalee godinichaa adda addaa keessatti Qonnaan bultoota misooma Loozii irratti dammaqinaan hirmaachisuun galii isaanii caalaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu beksiseera. Waajjirichi fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf toftaalee oomishtummaa fooyyessuu fi hidhata gabaa uumuu irratti hojjetamaa akka jiru ibseera. Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhugootti qonnaan bultoonni misooma kana kilaasteraan misoomsaa jiran ENA'f yaada kennaniin; kanaan dura boqqolloo fi misingaa qofa oomishaa kan turan lafa isaanii gara misooma Looziitti jijjiiruun galii guddaa argachaa jiru. Qonnaan Bulaa Diinee Mahaammad Umar Waqtii arfaasaa darbe lafa qonnaa oolmaa sangaa lama irraatti Loozii facaasee callaa kuntaala 10 argachuu ibsaniiru. Oomisha kana gabaatti dhiheessuun galii birrii kuma 100 ol argachuu danda'uusaanii ibsaniiru. Galii Kanaan fayyadama manaa keessaa bira darbee, ijoollee koo hanga dhaabbata barnoota olaanootti kaffalee barsiisuuf na gargaareera jedhaniiru. Dargaggoo Ziyaad Abdulqaadir Lafa hektaara tokko irratti kilaateraan misoomsuun loozii facaasee jiru irraa oomisha kuntaala 25 ol argachuuf karoorsuusaa ibseera. Godinichatti Qindeessaa Misooma midhaanii Godina Harargee Lixaa obbo Miidhagsaa Dheeressaa misooma Looziif haala qilleensaa fi biyyee mijaawaa waan qabuuf, misoomichi qonnaan bultootaaf madda galii isaanii isa guddaa ta'aa dhufeera. Waqtii arfaasaa baranaas qonnaan bultoota kuma 41 ol hirmaachisuun, lafa hektaara kuma 29 fi 700 ol irratti Loozii kilaasteraan Misoomaa jira. Misoomni Loozii kun keessattuu godinichatti Aanaalee Shanan Dhugoo, Labuu, Bokee fi Odaa Bultum keessatti bal'inaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, kanaanis oomishni kuntaala kuma 700 ol ni eegama jedhaniiru.
Kan mul'ate

Magaalaa Finfinnee waggoota shanan darban keessatti gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti jijjiiruun danda’ameera – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 17, 2026 68
Adoolessa 10/2018 (ENA): Magaalaa Finfinee waggoota shanan darban keessatti rakkoolee hidda fageeffatanii turan furuun gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti guddisuun danda’ameera jedhan kantiibaan magaalittii aadde Adaanech Abeebee. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii hojii xumurabara baajata 2018 gaggeessuu eegaleera. Haasaa baniinsaa kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee taasisaniin galmoota bara baajataa fi raawwii karoora tarsiimoo waggaa shanii gamaaggamamuu ibsaniiru. Waggoota shanan darban keessatti galmoota tarsiimoo kaa’aman guutummaatti hojiirra oolchuun bu’aawwan hedduun galmaa’uu kantiibaan magaalattii himaniiru. Finfinneen rakkoolee hundee gadi fagoo qaban furuun jijjiirama hundee yaadaa uumuun gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti jijjiiramuu dandeesseetti jedhani. Magaalaa Finfinnee magaalaa qulqulluu,magariisaa fi miidhagduu taasisuun hojjetameen xiyyeeffannoo addunyaa ta’aa jirti jedhani. Bu’aafi milkaa’inni hedduun jiraatus, ammas hojii kanaan ol hojjechuuf kutannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhani. Qaawwi raawwii hojii hooggansaa fi dhimmi qaala’insa jireenyaa ni gamaaggama jedhaniiru kantiibaan kun. Gama fedhii ummataa misoomaafi galma badhaadhinaatiin hojiin hojjetamuu qabu hedduun akka jiru eeruun, milkaa’inoota babal’isuun qormaata jiru adda baasuun hiikuu fi raawwii olaanaa galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Magaalaa Finfinnee waggoota shanan darban keessatti gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti jijjiiruun danda’ameera – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 17, 2026 68
Adoolessa 10/2018 (ENA): Magaalaa Finfinee waggoota shanan darban keessatti rakkoolee hidda fageeffatanii turan furuun gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti guddisuun danda’ameera jedhan kantiibaan magaalittii aadde Adaanech Abeebee. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii hojii xumurabara baajata 2018 gaggeessuu eegaleera. Haasaa baniinsaa kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee taasisaniin galmoota bara baajataa fi raawwii karoora tarsiimoo waggaa shanii gamaaggamamuu ibsaniiru. Waggoota shanan darban keessatti galmoota tarsiimoo kaa’aman guutummaatti hojiirra oolchuun bu’aawwan hedduun galmaa’uu kantiibaan magaalattii himaniiru. Finfinneen rakkoolee hundee gadi fagoo qaban furuun jijjiirama hundee yaadaa uumuun gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti jijjiiramuu dandeesseetti jedhani. Magaalaa Finfinnee magaalaa qulqulluu,magariisaa fi miidhagduu taasisuun hojjetameen xiyyeeffannoo addunyaa ta’aa jirti jedhani. Bu’aafi milkaa’inni hedduun jiraatus, ammas hojii kanaan ol hojjechuuf kutannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhani. Qaawwi raawwii hojii hooggansaa fi dhimmi qaala’insa jireenyaa ni gamaaggama jedhaniiru kantiibaan kun. Gama fedhii ummataa misoomaafi galma badhaadhinaatiin hojiin hojjetamuu qabu hedduun akka jiru eeruun, milkaa’inoota babal’isuun qormaata jiru adda baasuun hiikuu fi raawwii olaanaa galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii hojiiwwan xumura bara baajata 2018 gamaaggamuu eegala
Jul 17, 2026 171
Adoolessa 10/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii hojiiwwan cumura bara baajata 2018 gamaaggamuu eegaleera. Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, har’a raawwii hojiiwwan cumuraa bulchiinsa magaalaa keenyaa bara baajata 2018 gamaaggamuu jalqabneerra jedhan. Waltajjii gamaaggama raawwii hojii guyyoota sadii walitti aansuun turu irratti galmoota bara baajataa kaa’an, akkasumas bara baajata 2018 karoora tarsiimoo waggaa shanii waan ta’eef raawwii hojii waggoota 5 darbanii ni gamaaggamna jedhan. Akkuma beekamu waggoota 5’n darban keessatti galmoota tarsiimoo kaa’an guutummaatti hojiirra oolchuuf 24/7 (halkaniif guyyaa) amanamummaa fi garaa qulqulluun hojjannee bu’aa hedduu galmeessinee jirra jedhan. Keessattuu magaalaa guddoo keenya Finfinnee ajandaa hin barbaachifne keessaa baafnee, wiirtuu misoomaa fi nageenyaa taasifneerra jedhani. Magaalaa qlqulluu, magariisaa fi miidhagduu ta’uun ishee xiyyeeffannoo addunyaa argatteetti jedhani. Milkaa’inoonni keenya akkuma jiranitti ta’ee ammallee hojiin hedduun hojjennu jira jedhaniiru. Keessattuu garaagarummaa bu’a qabeessummaa hoggansa keenyaa, qaala’insa jireenyaa fi rakkoo godaansaa magaalaa keenya keessatti mul’atu gadi fageenyaan ni gamaaggamna jedhan. Milkaa'ina hedduu galmeessinus ammas gama fedhii ummataa misoomaaf qabuu fi galma badhaadhina keenyaatiin karaa dheeraan nu hafa kan jedhan yoo ta’u, kanaaf milkaa'ina keenya babal'isuun, akkasumas qormaata adda baasuu fi furuun wiirtuu madaallii keenyaa ta’a jedhan. Dabalataanis waa'ee xiyyeeffannoo gara fuula duraa irratti akka mari'atan ergaa isaanii keessatti beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Paartiin Badhaadhinaa yaada isaa hojiitti hiikuun hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an hojiirra oolcheera – Obbo Geetuu Wayyeessaa
Jul 17, 2026 273
Adoolessa 10/2018 (ENA): Hoggansi Paartii Badhaadhinaa yaada isaa hojiitti hiikuun hojii mootummaa fi paartii bu’a qabeessa ta’e hojiirra oolchuu isaa itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa himaniiru. Bara baajataa xumurame kana keessatti hojiiwwan hojjetaman ilaalchisee ibsa kennaniin, bara baajataa 2018tti dhaabicha gama hojii, humna namaa fi gurmaa’insa cimsuuf hojjetamaa ture jedhani. Itti dabaluunis miseensonnii fi hoggansi yaadaa fi ejjennoo dhaabichaa irratti hubannoo fi ilaalcha ifa ta’e akka qabaatan gochuun hojiin jajjabeessaa hojjetameera jedhan. Bu’aan hojii dhaaba biyya bulchu hundeessuuf hojjetame galma ga’uu eeruun, tokkummaan yaadaafi gocha hoggansaafi miseensootaa ifatti mul’achuusaa ibsaniiru. Miseensonni ergama hojii bu’a qabeessa ta’een raawwachuudhaan guddina ariifataa naannichaa irratti mallattoo guddaa kaa’uu akka danda’an himaniiru. Yaada paartichaa hojiitti hiikuun seektara tokkoon tokkoon isaanii keessatti injifannoowwan galmaa'an hoggansa kutannoo qabuun kan hoogganaman yoo ta'u, hojiiwwan kanneen irratti ashaaraan nama hundaa akka jiru himaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa dabalatee bara bajataa kana keessatti galmoota hedduun galma ga’uu isaanii fi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggoota guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argamuus eeraniiru. Itti quufinsa ummataa kenniinsa tajaajilaa guddisuu fi gochawwan malaammaltummaa dhabamsiisuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun itti fufa jedhaniiru. Hoggansi bu’aawwan argame cimsee galma badhaadhinaa galmaan ga’uuf kutannoo guddaadhaan hojjechuu akka qabus dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
"Hoggansa badhaadhina mirkaneessu ijaaruun ofdanda’uuf hojjechuu qabna.” - Obbo Shimallis Abdiisaa
Jul 16, 2026 989
Adoolessa 9/ 2018 (ENA) : Hoggansa dinagdee carraawwan misoomuu, humna namaa fi beekumsa qindoominaan hogganee badhaadhina qabatamaa sadarkaa hundatti mirkaneessu ijaaruudhaan waan hundaan ofdanda’uuf hojjechuu qabna jedhan pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa. Gamaaggamni raawwii hojii Mootummaa fi Paartii bara 2018 guyyaa sadan darbaniif magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa ture kallattii hojii Pirezidaantiin MNO obbo Shimallis Abdiisaa kennaniin xumurameera.   Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa xumura waltajjii gamaaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa bara 2018 irratti argamuun yaada kennaniin, imaammatoonniifi tarsiimoowwan yaadama ida’amuu irraa maddan gurmaa’insa paartii, mootummaa fi hirmaannaa ummataa qindoomina qabuun hojiirra oolaa jiraachuu isaatiin galmoonni imalli badhaadhinaa dhugoomaa akka jiran ibsaniiru. Kunis raawwii hojii bara 2018 keessatti qabatamaadhaan kan ife ta’uu ibsuun, injifannoowwan galmaa’aa jiran kun itti fufiinsa qabaachuun waan hundaan of danda’uuf, hoggansi dinagdee carraawwan misoomuu jiran, humna namaa fi beekumsa walitti qindeesse hogganu ijaaramuu akka qabu dhaamaniiru. Barri 2019 Waan hundaan of danda’uudhaaf karoora ofdanda’uu waggoottan shanan dhufanii raawwachuu kan itti jalqabamu ta’uu kan ibsan Pireezidaanti Shimallis, galmoota karoora of danda’uu kana dhugoomsuuf, carraawwan misooma dandeessisan, humna namaa, qabeenya uumamaa, faayinaansii fi carraawwan faayinaansii jiran qindoominaan hoggananii dinagdeetti jijjiiruuf hojjechuun dhimma xiyyeeffannaa addaa barbaadu akka ta’e akeekaniiru. Carraawwan kanniin gara badhaadhina qabatamaatti jijjiiruuf immoo, hoggansa dinagdeetu barbaachisa kan jedhan Pireezidaant Shimallis, hoggansa dinagdee jechuun, carraawwan misoomuu jiran kan hubatu, oomishtummaa guddisuuf karoorsee kan hojjetu, dorgomtummaa kan sirnoomsu, qusannaa fi invastimantii kan bal’isu, bu’aa qabeessummaa ummataa, dhaabbilee fi dhaheessummaa kan dagaagsu ta’uu ibsaniiru. Hoggansi dinagdee kunis oomisha biyya keessaa(GDP), carraa hojii, badhaadhina sadarkaa maatiitti uumuufi invastimantii babal’iseen madaalamuu akka qabu eeraniiru. Kana gochuudhaan waggoottan shanan dhufan keessatti, baajetaan, nageenyaan, bu’uura misoomaan, ogummaadhaan,gaggeessummaafi wabii nyaataan of danda’uuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechuuf qaamni hundi bakka jirutti gahee isaa akka bahachuu qabu dhaamaniiru.   Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaanitiin, galmoonni imala badhaadhinaa milkeessuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu kan gaafatan ta'uu eeruun, raawwiin hojii Paartii fi Mootummaa bara 2018 agarsiiftuu akka ta’an ibsaniiru. Imalli badhaadhinaa waggoottan darbanii qormaatilee hedduun kan guutame ta’ullee, hoggansaa fi paartiin keenya seenaa hojjechuuf akeekanii hojjechaa turuu isaanitiin, qormaatilee gara carraatti jijjiiruun ijaarsa biyyaa keessatti bu’uura cimaa hin sochoone kaa’uu danda’eera jedhan. Injifannoowwan kanniin itti fufsiisuuf, horata gaggeessummaa ummanne, carraawwan misoomuu bal’aa qabnuu fi humna namaa yaadama ida’amuutiin masakame qindeessinee hogganamuun injifannoo caalmaa waan hundaan of danda’uu keessatti galaa nuuf ta’u galmeessuuf sadarkaa hundatti gahumsa ol’aanaadhaan socho’uun akka barbaachisu jechuun dhaamuu isaanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ni mul'isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Sirna jalqabsiisuu Marii Biyyaalessaa seena-qabeessa ta’e kanarratti argamuuf carraa argachuun koo guddaa naboonsisa-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 15, 2026 1749
Adoolessa 8/2018(ENA): Sirna jalqabsiisuu Marii Biyyaalessaa seena-qabeessa ta’e kanarratti argamuuf carraa argachuun koo guddaa naboonsisa jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin guddichi torbeewwan afran dhufaniif hirmaattota kuma afur galma tokko keessatti walitti qabu kun, taatee seenaa Itoophiyaan harka mataasheetiin seenaa haaraa barreessuuf qalamaafi waraqaa itti argattedha jedhan karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin. Maraammartoo adeemsa siyaasaa Itoophiyaa jecha humnaatiin eegalee tarkaanfii humnaatiin goolabamu cabsinee waliin dubbachuufi marii’achuudhaan yeroo itti bakka buusnu irratti argamna jedhani. Komiishinaroota Komiishinii Marii Biyyaalessaa imala guddaa kana milkeessan, gumaacha isaaniif galata guddaan dhiyeessa jedhaniiru. Yaa’iin adeemsa ajandaa walittiqabuu jalaa gara oliitti lammiilee kuma dhibbatti lakka’aman hirmaachisuu irratti hundaa’e kun salphaatti kan irra hin deebi’amneefi seenaa ammayyaa Itoophiyaa keessatti kaayyoo guddaafi kabajamaa kan qabudha. Kanaanis qormaatilee keenya gara carraa gaariitti jijjiiruudhaan aadaa aangoo nagaadhaan walii dabarsuu ni itichina jedhani. Guyyaa har’aa sanyiiwwan gaarii dhaloota egereef darbu ni facaafna; firii inni kennurraas ijoolleen keenya akka fayyadaman ni taasifna. Marii kanarratti yoo hirmaannu, mandara keenya keessaa baanee Itoophiyaaf wayita marii’annu, ijoollee keenyaaf jennee isaaniin yaanne yeroo walmarii’annu bu’aansaa baay’ee milkaa’aa ni ta’a jedhani. ‎waliin taanee abdii, dhiifamaafi waliin jiraachuu haa dhaabnu; mariifi dhiifama biyya keessatti godhamuun rakkoowwan keenya hiikuudhaan biyya keenya gidduu-seentummaa alaarraa haa eegnu. Hirmaattonni hundi bu’aa seena-qabeessa Itoophiyaaf gaarii, Afrikaaf barumsa ta’u, Itoophiyaanota hundaaf immoo boqonnaa fidu akka galmeessisanin waamichakoo dhiyeessa jedhani. Itoophiyaan tattaffii ijoolleesheetiin sodaatamteefi kabajamtee bara baraan haajiraattu! Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad  

Jul 15, 2026 1050
Adoolessa 8/2018(ENA): Sirna jalqabsiisuu Marii Biyyaalessaa seena-qabeessa ta’e kanarratti argamuuf carraa argachuun koo guddaa naboonsisa jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin guddichi torbeewwan afran dhufaniif hirmaattota kuma afur galma tokko keessatti walitti qabu kun, taatee seenaa Itoophiyaan harka mataasheetiin seenaa haaraa barreessuuf qalamaafi waraqaa itti argattedha jedhan karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin. Maraammartoo adeemsa siyaasaa Itoophiyaa jecha humnaatiin eegalee tarkaanfii humnaatiin goolabamu cabsinee waliin dubbachuufi marii’achuudhaan yeroo itti bakka buusnu irratti argamna jedhani. Komiishinaroota Komiishinii Marii Biyyaalessaa imala guddaa kana milkeessan, gumaacha isaaniif galata guddaan dhiyeessa jedhaniiru. Yaa’iin adeemsa ajandaa walittiqabuu jalaa gara oliitti lammiilee kuma dhibbatti lakka’aman hirmaachisuu irratti hundaa’e kun salphaatti kan irra hin deebi’amneefi seenaa ammayyaa Itoophiyaa keessatti kaayyoo guddaafi kabajamaa kan qabudha. Kanaanis qormaatilee keenya gara carraa gaariitti jijjiiruudhaan aadaa aangoo nagaadhaan walii dabarsuu ni itichina jedhani. Guyyaa har’aa sanyiiwwan gaarii dhaloota egereef darbu ni facaafna; firii inni kennurraas ijoolleen keenya akka fayyadaman ni taasifna. Marii kanarratti yoo hirmaannu, mandara keenya keessaa baanee Itoophiyaaf wayita marii’annu, ijoollee keenyaaf jennee isaaniin yaanne yeroo walmarii’annu bu’aansaa baay’ee milkaa’aa ni ta’a jedhani. ‎waliin taanee abdii, dhiifamaafi waliin jiraachuu haa dhaabnu; mariifi dhiifama biyya keessatti godhamuun rakkoowwan keenya hiikuudhaan biyya keenya gidduu-seentummaa alaarraa haa eegnu. Hirmaattonni hundi bu’aa seena-qabeessa Itoophiyaaf gaarii, Afrikaaf barumsa ta’u, Itoophiyaanota hundaaf immoo boqonnaa fidu akka galmeessisanin waamichakoo dhiyeessa jedhani. Itoophiyaan tattaffii ijoolleesheetiin sodaatamteefi kabajamtee bara baraan haajiraattu! Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Hawaasummaa
Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa keenya itti fufiinsa qabudha
Jul 17, 2026 35
Adoolessa 10/2018 (ENA): Oomishtummaa qonnaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa keenya itti fufiinsa qabudha jedhan itti aanaan pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii. Yaa'iin Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa 3ffaa guyyaa har'aa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffameera. Akka itti aanaan pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii jedhanitti, oomishtummaa qonnaa naannichaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kennamee jira. Kunis balaa namtolchee fi uumamaaf deebii ariifataa kennuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadaa walgargaarsa ummata Oromoo kan ta’e Buusaa Gonofaa hojiirra oolchuun bu’aa argamsiisuus hubachiisaniiru. Busaa Gonofaan aadaa deeggarsa hawaasaa fi nyaataan of danda’uu cimsuuf tattaaffii waloo ta’uu ibsaniiru. Kunis aanaalee naannichaa 59 rooba gabaabaa qaba keessatti rakkoolee hawaasummaa uumamuu malu irra aanuuf gargaareera jedhan. Hojiin kun kuufama nyaataa namootaaf ta’u dabaluu qofa osoo hin taane, bishaan kuusuudhaan soorata beeyladaa misoomsuu danda’eera jedhan. Buusaa Gonofaa namoomaaf oolchuuf hojii hojjetameen hawaasni hedduun balaa uumamaafi namtolcheerraa baraaramuu Walitti qabaan Yaa'ii Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuun. Hojii qonnaa fi maanufaakchariingii irratti bobba’uu kan himan Ambaasaaddar Alamaayyoo, magaalota Bulbulaa fi Naqamtee keessatti industiriiwwan piroosesingii qindoome irratti Buusaa Gonofaan Oromiyaa hirmaachaa akka jiru himaniiru. Hojiilee Buusaa Gonofaan hanga yoonaatti hojjetamanis yeroo rakkoo waliif birmachuurra darbee bu'uuraan hawaasa tajaajiluuf hojiilee invastimentii, qonnaa, tajaajila, geejjibaa, maanufaakchariingiifi kanneen biroo keessa seenuun birmadummaa mirkaneessuu jalqabeera jedhani. Bara baajata haaraa kana galmaan ga’uuf qindoominni jiraachuu akka qabus hubachiisaniiru. Hanga ammaatti naannichatti miseensonni miiliyoona 29.4 galmaa’uu kan himan immoo Itti Gaafatamaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Muhammad Jundaati. Bara baajataa xumurame kana keessa namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruuf qabeenyi birrii biiliyoona 3.8 ol walitti qabamuu eeraniiru. Midhaan gosaan walitti qabame kuntaala miiliyoona 2.2 ol nyaata barattootaaf akkasumas akka kuufamaatti akka oolu himaniiru. Hojii kana galmaan ga’uuf hojii qonnaa, horsiisa beeyladaa fi ijaarsa mana kuusaa irratti xiyyeeffachuu isaaniis eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran cimuu qaba
Jul 17, 2026 41
Adoolessa 10/2018 (ENA): Dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran cimuu qaba jedhan Itti Aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Loomii Badhoo. Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa gama isaaniitiin tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu sirna fayyaa dhaabbataa keessatti hammachuu fi dhaqqabummaa fi qulqullina isaa fooyyessuuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sagantaan Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa Damee Fayyaa Bara 2018 Magaalaa Shaggar Mana amala Sirreessaa Daalattiitti ifatti eegalameera. Itti aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Loomii Badhoo haasaa taasisaniin manneen amala sirreessaa iddoo olaantummaan seeraa itti kabajamu qofa osoo hin taane, wiirtuu jijjiiramaa dhalli namaa itti moo’ee fi sirreeffamtoonni beekumsa, dandeettii fi xiinsammuu itti hidhatanii hawaasatti makaman ta’uu ibsaniiru. Sirreeffamtoonni akkuma lammii kamiiyyuu kunuunsa namoomaa fi fayyaa argachuu qaban hunda argachuuf mirga akka qaban eeruun, dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila yaalaa argatan daran fooyya’uu akka qabu ibsaniiru. Tajaajilli fayyaa tola ooltummaa Ganna tajaajila yaalaa argachuufis gahee deeggarsaa akka qabu, tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran babal’isuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Hojiin yaallii fi qorannoon bal’aan qindoomina ogeessota fayyaa mootummaa fi dhuunfaa waliin ta’uun hojjetamuu akka qabu dubbataniiru. Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa, Tajaajilli tola ooltummaa kun sochii biyyaalessaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jalqabsiisan ta’uu eeruun, ministeerichi muuxannoo kana damee fayyaa keessatti cimsee itti fufa jedhani. Tajaajilli tola ooltummaa Ganna waggaa waggaan damee fayyaatiin kennamu ogeessota fayyaa biyyattii, akkasumas ogeeyyii fayyaa diyaaspooraa fi tola ooltota biroo hirmaachisuun raawwatamaa akka jiru himaniiru. Kunis lammiilee hedduudhaaf tajaajila fayyaa dhaqqabamaa ta’e babal’isuuf carraa uumuu akka ta’e akeekaniiru. Sirreeffamtoota manneen amala sirreessaa keessa jiraniifis tajaajilli fayyaa bilisaa, qulqullinaa fi haqa qabeessa ta’e kennamaa akka jirus himaniiru. Dhaabbileen fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti argaman cimsuu fi sadarkaa tajaajila isaanii fooyyessuuf hojiin ni hojjetama jedhaniiru. Sagantaan kun hojii guyyaa tokkoo ykn yeroo tokkoo osoo hin taane, sagantaa itti fufiinsa qabuu fi dhaabbilee fayyaa fi manneen amala sirreessaa guutuu biyyattii keessatti walitti fufiinsaan hojiirra oolu ta’uus ibsaniiru. Hoggantoonnii fi qooda fudhattoonni saganticha irratti hirmaatan sagantaa dhaabbii ashaaraa magariisaa irratti hirmaataniru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa biyyaa keenyarra darbee Ardii keenyaaf boonsaa dha-Dr. Maqdas Dhaabaa
Jul 16, 2026 665
Adoolessa 9/2018 (ENA): Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa biyyaa keenyarra darbee ardii kanaaf boonsaa jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa. Ayyaanni hundeeffama waggaa 100ffaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa kabajamaa jira. Sirna ayyaanichaa kanarratti aanga'oonni mootummaa olaanoo, bakka bu'oonni damee fayyaa idil-addunyaa fi michoonni, Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee fi Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa argamaniiru. Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, inistiitiyuutichi waggoota dhibba darbaniif seenaa fayyaa biyyattii keessatti gahee olaanaa taphachuu isaa ibsaniiru. Inistiitiyuuticha keessatti qorattoonni, ogeeyyiin qorannoo, xiinxaltoonni daataa, deebii balaa fi hojjettoonni deeggarsaa gahee olaanaa taphataniiru jedhan. Inistiitiyuutichi qormaata fayyaa rakkisaa biyyattii mudate keessatti dandamannaa guddaa uumuun hojii ajaa’ibsiisaa hojjetrra jedhan. Keessattuu yeroo weerara COVID-19 fi weerara adda addaatti Ministeera Fayyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun hojii bu'a qabeessa ta'e hojjateera jechuun ibsaniiru. Qormaata laabraatoorii fi sakatta’iinsa irratti hoggansa qabaachuu isaa, akkasumas deebii hatattamaa saffisaa xiinxala saayinsiitiin deeggaramee kennuu keessatti gahee adda duree ta’uu isaa yaadachiisaniiru. Dandeettiin Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa amma daangaa biyyaalessaa irra darbuu isaa kan ibsan Ministirri kun, Inistiitiyuutichi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane Afrikaaf gumaacha guddaa taasisaa kan jiru ta’uu hubachiisaniiru. Mootummaan damee fayyaa keessatti walqixxummaa mirkaneessuu fi qulqullina fooyyessuuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduu hojiirra oolchaa akka jiru hubachiisaniiru. Tajaajila fayyaa baadiyyaa irraa gara magaalaatti babal’isuuf, fayyaa haadholii fi daa’immanii fooyyessuu, dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin taane irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira jedhan. Hirmaannaa ummataa guddisuu fi miira abbummaa uumuun lammiileen sababa baasii fayyaatiin dhiibbaa diinagdee olaanaaf akka hin saaxilamneef hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Ministirri kun addunyaan balaa fayyaa haaraa fi walxaxaa ta’e mudachaa jiraachuu ibsuun, balaawwan walxaxaa kana qolachuuf balaawwan dafanii adda baasuu, saffisaan akeekkachiisuu, karaa saayinsaawaa ta’een xiinxaluu fi haala qindoomina qabuun deebii kennuuf dandeettiin dhaabbataa cimaan ijaaramaa akka jiru dubbataniiru. Ministeerri Fayyaa Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa ergama biyyaalessaa fi idil-addunyaa isaa qulqullinaa fi gahumsaan akka ba’uuf deeggarsa imaammataa, hoggansaafi ijaarsa dandeettii barbaachisaa ta’e akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Tajaajilichi sirna hojii isaa ammayyeessuun jijjiirama qabatamaa fideera
Jul 16, 2026 384
Adoolessa 9 /2018 (ENA): Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa itti fayyadama teeknooloojii yeroon gaafatu babal’isuun, sirna hojii isaa ammayyeessuun, haala hojii mijataa uumuun jijjiirama qabatamaa itti quufinsa maamiltootaa dabalu fideera jedhan Daarektarri Olaantuun dhaabbatichaa isaa Salaamaawit Daawit. Daarektarri Olaantuu Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa aaddeSalaamaawit Daawit, hojiiwwan dhaabbatichi bara baajata 2018 keessatti raawwate ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniiru.   Ibsa isaanii keessatti dhaabbatichi itti fayyadama teeknooloojii yeroo ammaaf mijatu babal’isuun, sirna hojii isaa ammayyeessuun, haala hojii mijataa uumuun jijjiirama qabatamaa itti quufinsa maamiltootaa dabalu fiduu isaa ibsaniiru. Tajaajila paaspoortii fi viizaa dabalatee sanadoonni paaspoortii biroo teeknooloojii ammayyaatiin kan oomishaman yoo ta’u, qulqullinaa fi nageenyaan kan oomishaman ta’uu ibsaniiru. Bara baajataa kanatti paaspoortiin miiliyoona 1.6 ol maxxanfamee lammiileef raabsamuu eeraniiru. Lakkoofsi wiirtuuwwan kenniinsa paaspoortii elektirooniksii 12 irraa gara 23tti akka babal’ate, imaltoota kuma 7 ol ta’aniif buufataalee to’annoo daangaa qilleensaa fi lafaa irratti tajaajilli gahumsa qabu kennamuu eeraniiru. Jijjiirama kana mirkaneessuuf gurmaa’insaa fi guddina humna namaa dhaabbatichaa fooyyessuudhaan tajaajilicha bu’a qabeessa taasisuuf hojiiwwan hojjetaman murteessoo ta’uus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Diinagdee
Godina Harargee Lixaatti Qonnaan bultoonni misooma Looziirratti bobba’an jireenyisaanii fooyyyeffachuusaanii ibsan
Jul 17, 2026 62
Adoolessa 10/2018 (ENA):Godina Harargee Lixaatti qonnaan bultoonni misooma Loozii irratti bobba'an galii argataniin jireenyi isaanii fooyya'aa dhufuu ibsaniiru. Godinichatti kanaan dura omishawwan baratamaniin olitti, qonnaan bultoonni oomishaalee gabaa irratti barbaadamaa ta'an bal'inaan oomishaa kan jiran yoo ta'u, keessattuu Misoomni Loozii babal'achaa dhufuun isaa ibsameera. Waajirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godinichaa akka ibsetti, aanaalee godinichaa adda addaa keessatti Qonnaan bultoota misooma Loozii irratti dammaqinaan hirmaachisuun galii isaanii caalaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu beksiseera. Waajjirichi fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf toftaalee oomishtummaa fooyyessuu fi hidhata gabaa uumuu irratti hojjetamaa akka jiru ibseera. Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhugootti qonnaan bultoonni misooma kana kilaasteraan misoomsaa jiran ENA'f yaada kennaniin; kanaan dura boqqolloo fi misingaa qofa oomishaa kan turan lafa isaanii gara misooma Looziitti jijjiiruun galii guddaa argachaa jiru. Qonnaan Bulaa Diinee Mahaammad Umar Waqtii arfaasaa darbe lafa qonnaa oolmaa sangaa lama irraatti Loozii facaasee callaa kuntaala 10 argachuu ibsaniiru. Oomisha kana gabaatti dhiheessuun galii birrii kuma 100 ol argachuu danda'uusaanii ibsaniiru. Galii Kanaan fayyadama manaa keessaa bira darbee, ijoollee koo hanga dhaabbata barnoota olaanootti kaffalee barsiisuuf na gargaareera jedhaniiru. Dargaggoo Ziyaad Abdulqaadir Lafa hektaara tokko irratti kilaateraan misoomsuun loozii facaasee jiru irraa oomisha kuntaala 25 ol argachuuf karoorsuusaa ibseera. Godinichatti Qindeessaa Misooma midhaanii Godina Harargee Lixaa obbo Miidhagsaa Dheeressaa misooma Looziif haala qilleensaa fi biyyee mijaawaa waan qabuuf, misoomichi qonnaan bultootaaf madda galii isaanii isa guddaa ta'aa dhufeera. Waqtii arfaasaa baranaas qonnaan bultoota kuma 41 ol hirmaachisuun, lafa hektaara kuma 29 fi 700 ol irratti Loozii kilaasteraan Misoomaa jira. Misoomni Loozii kun keessattuu godinichatti Aanaalee Shanan Dhugoo, Labuu, Bokee fi Odaa Bultum keessatti bal'inaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, kanaanis oomishni kuntaala kuma 700 ol ni eegama jedhaniiru.
Itiyoophiyaa fi Mooriishiyes Carraawwan bal’aa hariiroosaanii itti cimsuu danda’an jiru — Pirezidantii Moorishiyes Dihaaraambiir Gookul
Jul 17, 2026 170
Adoolessa 10/2018 (ENA): Moorishiyeesii fi Itiyoophiyaan dameewwan fayyaa fi barnootaa dabalatee dameewwan haaraa hariiroo gam-lamee isaanii itti gabbisuu danda’an akka jiran Pirezidantiin biyyattii Dihaaraambir Gookul ibsaniiru. Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Adoolessa 5 bara 2018 irraa eegalee Finfinnee fi Poorti Luwiis gidduutti torbanitti si’a sadii balallii kallattii imaltootaa jalqabsiiseera. Pirezidantiin Moorishiyes Dihaaraambir Gookul jalqabamuu balallii kallattii kanaan walqabatee miidiyaa “Pulse of Africa Media”(POA)tiif akka ibsanitti; hariiroon qilleensaa cimaan dandeettii dinagdee Afriikaa guddisuuf baay’ee murteessaadha. Daandiin qilleensichaa balallii Moorishiyesitti eegale kun biyyoota lamaan gidduutti dameewwan Tuurizimii, Daldalaa, Investimantii fi misooma humna namaatiin carraawwan haaraa akka uumu eeraniiru. Qunnamtiin qilleensaa cimaan dandeettii dinagdee guutuu Afriikaatti fayyadamuuf murteessaa ta’uu ibsuun, balallichi eegaluunsaa abjuu Gamtaan Afriikaa Ardii caalaatti qindoomte uumuuf qabate kan saffisiisudha jedhaniiru. Qunnamtiin qilleensaa cimaan dandeettii guutuu dinagdee Afriikaatti fayyadamuuf murteessaa ta’uu isaas dabalanii ibsaniiru. Rakkoolee gurguddoo ardii Afriikaatti argaman keessaa tokko hanqina qunnamtii ta’uu kan ibsan Pirezidantichi; Moorishiyes Itiyoophiyaa waliin qunnamsiisuun, Afriikaan gufuu yeroo dheeraa kanaan dura ture kana furuuf tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jiraachuu ishee kan agarsiisudha jedhaniiru. Balallii haaraan kun geejjiba imaltootaa bira darbee, hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiru cimsuuf dandeettii guddaa akka qabus ibsaniiru. Moorishiyes abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee daldalaa addunyaatiif balbala seensa Afriikaa ijoo ta’uuf hojjachaa akka jirtu eeruun; abjuu kana milkeessuuf qunnamtii qilleensaa cimaa uumuun hojii furtuudha jedhaniiru. Dhaqqabummaan balallii qilleensaa bal’aan Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Afriikaa fi addunyaa keessatti qabu, yaa’insa daldalaa fi investimantii biyyoota lamaan gidduu jiru haala olaanaan akka guddisus eeraniiru. Geejjibni meeshalee (kaargoo) gufuuwwan dhiyeessii ijoo Afriikaa keessaa tokko ta’uu eeruun, hariiroon haaraa kun daddabarsa meeshalee ardicha keessaa fooyyessuuf abdii haaraa akka kennu dubbataniiru. Waliin hojjechuun keenya rakkoo dhiyeessii fi daddabarsa meeshalee kana furuuf carraa bal’aa nuuf uuma jechuun ibsaniiru. Dhaabbanni Leenjii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa dargaggoota Moorishiyesiif dabalatee dameewwan ogummaa Aviyeeshinii birootiin ijaarsa dandeettii fi carraa leenjii olaanaa akka baanu eeraniiru. Gara fuulduraattis dameewwan Barnootaa, Fayyaa fi dinagdee cuquliisaa (Blue Economy) keessatti beekumsa, teeknoolojii fi muuxannoo wal-jijjiiruun waliin hojjachuuf carraan bal’aan akka jiru ibsaniiru. Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Adoolessa 5bara 2018 irraa eegalee gara Moorishiyeesitti torbanitti guyyoota sadii balallii imaltoota jalqabuunsaa ni yaadatama. Kunis Imaltoonni salphaatti gara Afriikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa, Giddu-galeessa Bahaa fi Ameerikaatti akka imalan gochuun qunnamtii Ardichaa akka cimsu ibsameera.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa dhaqqabamummaa hojiilee qorannoo isaaf tumsa isaa ENA waliin cimsee itti fufa
Jul 16, 2026 900
Adoolessa 9/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Bulee Horaa dhaqqabamummaa hojiilee qorannoo isaaf tumsa isaa ENA waliin cimsee itti fufa jedhan pireesidaantiin yunivarsiitichaa Dr. Tamasgeen Dabaloo. Yuunivarsiitiin Bulee Horaa fi ENA’n qorannoo fi dhaqqabamummaa beekumsa dhalootaa irratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru. ENA’n dhaabbata miidiyaa dhiibbaa guddaa uumu qabuu fi bal’inaan dhaqqabummaa qabu waan ta’eef waliigaltichi yuunivarsiitichaaf gatii guddaa akka qabu pirezidaantiin yunivarsiitichaa waliigaltee kana irratti ibsaniiru. Yuunivarsiitiin kun Yuunivarsiitii dhaloota sadaffaa ta’uun ramadamuu kan ibsan pireezidaantichi, hojiiwwan barsiisummaa, qorannoo fi tajaajila hawaasaa gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Biyyattiin beekumsa mandhalee keessattuu qonna, albuudaa fi sirna Gadaa sirna barnootaa ammayyaa waliin walitti makuun galma misoomaa ishee galmaan ga’aa akka jirtu ibsaniiru. Doktar Tamasgeen akka jedhanitti, waliigaltichi sochii yunivarsiitichaa sadarkaa biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddisuuf, akkasumas hariiroo qooda fudhattoota waliin qabu daran cimsuuf dandeettii kan uumu ta’uu ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribee gamasaaniitiin muuxannoo waggoota 85 ol kan qabu ENA’n adeemsa jijjiiramaa keessa akka jiru hubachiisuun, waliigalteen kun kaayyoo waloo dhaabbileen lamaan kaa’an galmaan ga’uuf milkaa’ina murteessaa ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, ENA’n qabeenya uumamaa fi beekumsa mandhalee naannoo Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessatti argamu sadarkaa ardiitti guddisuuf dandeettii olaanaa qabuun damee kana irratti michuu filatamaa ta’uu ibsaniiru. Waliigaltichi yaad-rimee beekumsa mandhalee fayyadamuun badhaadhina mirkaneessuuf galma kaa’ameef faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. ENA’n hojii oduutiin alatti qorannoo idil-addunyaa, dokumantarii fi sagantaalee adda addaa irratti cimee hojjechaa akka jiru kan ibsan yoo ta’u, Yuunivarsiitichi Afrikaa keessatti dhaabbata beekamaa ta’uuf tattaaffii taasisu keessatti gahee guddaa akka qabu hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo 'Masoob' Roobee Tajaajila si’ataa kennuu dandeessiseera
Jul 15, 2026 596
Adoolessa 8/2018 (ENA): Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' Magaalaa Roobeetti hojiirra ooluun isaa, tajaajiloota hedduu bakka tokkotti kennuudhaan deddeebbii tajaajilamtoota duraan mudachaa ture hir'isuu akka dandeessise ibsame. Yeroo amma tajaajiloonni garaa garaa 124 adda bahananii fi gurmaa'an wiirtuu tokkoon akka kennaman taasifamuunsaa ibsameera. Hojii tajaajilichaa ilaalchisee tajaajilamtoonni Magaalichaa ENA’f yaada kennan, akka jedhanitti; wiirtuun kun tajaajiloota hedduu bakka tokkotti fiduunii fi adeemsa isaa dijitaala taasisuun hojii milkaa'aa ta'e raawwachaa jira jedhaniiru. Tajaajilamtoota keessaa aadde Atikaa Xahaa yaada kennaniin; ammaan dura dhimma tokko raawwachiisuuf waajjiraalee garaa garaa deddeebi'anii rakkachaa akka turan yaadachiisaniiru.   Amma garuu hojmaata wiirtuu tokkoo kanaan tajaajila hedduu bakka tokkotti argachuu isaaniitiin boqonnaa guddaa akka argatanii fi rakkoo deddeebi'ii jalaa akka isaan oolche dubbataniiru. Tajaajilamaa biroon Obbo Siraaj Adam akka jedhanitti, hojmanni kun iftoominaa fi saffisa akka qabaatu taasifamuu fi ragaan tajaajilamtootaa sirna koompiiteraatiin saffisaan qindaa’uunsaa jijjiirama guddaa fiduu eeraniiru. Hoj maata teekinoolojiin deeggarame kanaan yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii xumuratanii ba’uu akka danda'an dubbataniiru. Obbo Tsaggaayee Mangistuu gama isaaniitiin; tajaajilli kun hojiirra ooluusaan amman dura dhimmoota guyyoota fi torban fudhatan yeroo amma daqiiqaa muraasa keessatti akka xumuraman gochaa jira jedhaniiru. Hojmanni haaraan kun yeroo fi humna qusachuu bira darbee,rakkoo bulchiinsa gaarii fi haqaa uummata biraa ka'aa turan furaa akka jiru ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Tajaajila Wiirtuu tokkoo Bulchiinsa Magaalaa Roobee Obbo Eeliyaas Huseen akka jedhanitti; wiirtichi rakkoolee harkifannaa tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii uummata biraa ka'an haala fulla’aa ta'een hiikuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Wiirtuu kana keessatti tajaajiloonni adda addaa 124 bakka tokkotti akka kennaman taasifameera jedhaniiru. Tajaajilamtoonni rakkoo malee tajaajila barbaadan akka argataniif foddaa 11 irratti humna namaa saffisaa fi teekinoolojiin qindaa’ee dhiyaateera. Tajaajilichi teekinoolojiin deeggaramuunsaa birookraasii hanbisuun, qulqullina tajaajilaa fooyyessuudhaan lammiilee yeroo gabaabaa fi haala iftoomina qabun tajaajila akka argatan dandeessiseera jedhaniiru. Gara fuulduraattis wiirtichi hojii fooyya'iinsa teekinoolojiin deeggarame caalaatti cimsuun itti quufinsa uummataa sadarkaa olaanaatti guddisuuf tattaaffii taasisu akka cimsu hojii gaggeessaan kun beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan dandeettii hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horatteetti
Jul 11, 2026 2019
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii nageenya saayibarii eegsisuu dandeessisu horachuushee bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo ibse. Foramiin nageenya odeeffannoo paarlaamaa idil addunyaa kaleessa Adoolessa 3 bara 2018 irraa eegalee guyyoota lamaaf galma wal gahii mana maree bakka bu’oota ummataatti gaggeeffamaa ture xumurameera. Itti fayyadamni hubannoo nam-tolchee , nageenyi saayibarii, eegumsi bu’uraalee misoomaa ijoo, namoota seeraan ala deddeebisuu fi dhimmoota akka addunyaatti yaaddoo ta’an irratti waltajjii kanaan bal’inaan mari’atameera. Itti aanaan daarektara bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Daani’eel Guutaa wayita kana akka jedhanitti, yaaddoowwan nageenya Saayibarii daangaa kan cehan waan ta’eef yaaddoo qolachuuf seerota idil addunyaa wal simsiisuu fi hojiin qindoominaa murteessaadha. Biyyoonni nageenya saayibarii eegsisuu fi haleellaawwan aggaamaman seera wal siman qabaachuu akka qaban kaasanii, Itiyoophiyaanis haala Kanaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan nageenya saayibarii eegsisuu kan ishee dandeessisu dandeettii seeraa, hojmaataa fi teeknooloojii horatteetti. Foramiin kun Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa qophheessuuf dandeettii qabdu agarsiisuu fi biyya beeksisuuf gumaacha kan taasisu ta’uu dubbataniiru. Miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Naayijeeriyaa fi foramichaa Dr. Agbadii Yeetiiyenee Fireedriik foramii Itiyoophiyaatti qophaa’erratti hirmaachuunsaanii biyyoota garagaraa irraa muuxannoo wal jijjiiruuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Inistiitiyuutii teeknooloojii industirii kaaliingaa Hinduutti argamutti daarektarri hariiroo idil addunyaa Dr. Vaaruun Sutraa gamasaaniin, Itiyoophiyaan foramii kana karaa ogummaatiin gaggeessuunshee kan dinqisiifamu ta’uu ibsaniiru.  
Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo 'Masoob' Wiirtuulee 53 Keessatti kennamaa jira
Jul 8, 2026 2047
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 keessa tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob' gara wiirtuulee 53tti bal'isuun, hawaasaaf tajaajila si’ataan kennamaa jiraachuu Biroon Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa beeksise. Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' rakkoolee kenniinsa tajaajila mootummaa Itiyoophiyaa keessa jiran haala waaraan hiikuuf gara hojiitti gale kun, yeroo ammaa naannolee hundatti babal'achaa jira. Tajaajilli Naannoo Oromiyaatti jalqabame kun naannichatti haalaan qaqqabamaa dhufuu isaa fi kenninsi tajaajilasaas si’ataa fi qulqulluu ta'uunsaa ibsameera. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa obbo Daamxoo Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa 2018tti tajaajilicha caalaatti qaqqabamaa gochuun hawaasaaf deebii si’ataa kennuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiru jedhani. Tekinooloojiin deggaramuun magaalota gurguddoo shan keessatti hojiin eegale kana bal'isuun, yeroo ammaa kanatti naannicha keessatti Godinaalee hundatti wiirtuuleen 53 banamanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina tajaajiloota wiirtuulee kanaan kennaman caalaatti fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Tajaajila kanaan hawaasni yeroo gabaabaa keessatti dhimma barbaadu galmaan ga’achuu danda'eera; kunis lammiilee deddeebbiifi baasii hintaaneerraa oolchuu bira darbee, hojiilee misoomaa irratti akka xiyyeeffatan isaan dandeessiseera jedhaniiru. Hojmaatni kun naannichatti sektera tajaajilaa irratti fooyya'iinsa guddaa fidaa akka jiru eeranii, keessattuu tajaajilichi wiirtuu tokko keessatti kan gurmaa'e, si’ataa, mijataafi iftoomina kan qabu waan ta'eef, sochii investimentii haala gaariin kakasaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila kanaan gammachuu hawaasaa dabaluun kan danda'ame yoo ta'u, hamma ammaatti miseensonni hawaasaa kumni 700 ol tajaajilichaarraa fayyadamoo ta'aniiru. Wiirtuuleen kun Godinaalee bira dabranii gara aanaaleettis qaqqabaa waan jiraniif, gara fuulduraatti aanaalee naannichaa hundatti tajaajilicha dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira. Dabalataanis, gara fuulduraatti hojmaata dijiitaalaayizeeshinii (digitalization) guutummaatti dhugoomsuun, hawaasni tajaajilicha bakka jirutti sarara qunnamtii (Online) kanaan akka argachuu danda'uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.    
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 1980
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 3412
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
ENA’n hirmaannaa qabatamaa ashaaraa magariisaarratti qabu cimsee itti ni fufa
Jul 11, 2026 1619
Adoolessa 4/2018(ENA)-Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hawaasa dammaqsuun gamatti qabatamaan irratti hirmaachuun qooda adda durummaasaa cimsee akka itti fufu hojii raawwachiisaan olaanaa Seeyifee Darribee ibsan. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun Paarkii Inxooxxootti ashaaraa magariisaa kaa’aniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Seeyifee Darribee wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darban ashaaraa magariisaaf xiyyeeffannoo addaa kennitee biqiltuu dhaabuu aadaa godhatteetti. Itiyoophiyaan milkaa’ina ashaaraa magariisaan galmeessisaa jirtu itti fufsiisuuf akkasumas jijjiirama haala qilleensaa addunyaa yaaddessaa jiru qolachuuf ga’ee bahachaa jirtu addunyaaf beeksisuudhaan ENA’n qoodasaa akka bahu dubbataniiru. Galmi biyyaalessaa akka milkaa’u ENA’n hawaasa dadammaqsuu fi odeeffannoo dabarsuun gamatti, adda durummaan qabatamaan hirmaachuudhaan qoodasaa akka cimsu beeksisaniiru. Keessumaa hojiiwwan Itiyoophiyaan wiirtuu ashaaraa magariisaa akka taatu hojjetaman beeksisuu fi hubannoo uumuuf hojii itti jiru cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA saganticharratti hirmaatan gamasaaniin, dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte dabarsuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniif gammaduusaanii ibsaniiru. ENAtti daarektarri sagantaa qabiyyee Raahel Abbabaa, sagantichi bosona biyyattii dabaluurra darbee Itiyoophiyaan dippilomaasii magariisaatiin akka beekamtu humna guddaa uumaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun qopheessituu kitaabee Nagaariit Yeshiimmabeet Dammaqaa gamasaaniin, ogeeyyonni Miidiyaaleen odeeffannoo tamsaasuun cinaatti qabatamaan hirmaachuudhaan itti gaafatama biyyaalessaa bahachuu akka qaban dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun cinaatti firii akka kennan kunuunsuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru. Qopheessaan olaanaa deeskii afaan biyya alaa Heenook Taaddalaa yaada kenneen, Itiyoophiyaan bosonashee guddisuuf hojiin hojjettu addunyaaf fakkeenya ta’aa jiraachuusaa eereera. Ogeeyyonni ENA Reedwaan Shamdasir fi Sarkaalam Zallaqaa gamasaaniin, Itiyoophiyaa lalistuu uumuuf ashaaraasaanii kaa’uusaaniitti gammaduusaanii ibsaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha
Jul 11, 2026 1073
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf agarsiiftuu adda dureedha jedhan ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ibsan. Balaawwan uumamaa addunyaa qoraa jiran keessaa jijjiiramni haala qilleensaa adda durummaan eerama. Dhiimmaa kana qolachuuf yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 irraa eegalee hojiirra oolaa kan jiru sagantaan ashaaraa magariisaa qabatamaan jijjiirama agarsiisaa barana wagga saddettaffaa qabateera. Sagantaawwan dhaabbii biqiltuu waggoottan kanneen keessatti dhaabamaniin bosona biyyattii akka dabaluu fi haalli qilleensaa mijataan akka uumamu gochuun olitti guddina oomishaa fi oomishtummaa damee qonnaaf qooda olaanaa gumaachuusaa qaamonni garagaraa ni ibsu. Itiyoophiyaan waggoottan darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuudhaan hojii fakkeenyummaa qabu kan raawwate yoo ta’u bara kanas mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun biqiltuu biiliyoona saddet dhaabuuf hojiitti galameera. Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ENA’n dubbise, hojiin Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjechaa jirtu hawaasa addunyaaf fakkeenya guddaa kan ta’u milkaa’ina olaanaadha jechuun dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Israa’el Dr. Abrihaam Nugusee akka dubbatanitti, Imaammanni ashaaraa magariisaa fi adeemsi dhaabbii biqiltuu Itiyoophiyaan gaggeessitu guddaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi haala qilleensaa guutuu addunyaa kan yaaddessu mudannoo idil addunyaa waan ta’eef Itiyoophiyaan adeemsa kana keessumaa ardii Afriikaarraa adda durummaan dursaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Siriilaankaa Niirmallaa Paranaviitaa akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan sagantaa misooma magariisaa akkasii hojiirra oolchuunshee adeemsa abshaalummaa ta’uu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa guddina dinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa qabaachuusaa ibsuudhaan, Siriilaankaan damee Kanaan Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabdu karaa hojiira oolchitu qorachaa akka jirtu ta’uushee eeraniiru. Itiyoophiyaatti bakka bu’aan daldalaa fi dhimmoota Invastimantii Paakistaan Baasiit Saaliim Shaah gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaaf miidhaginaa fi hanannaa addaa gumaachuun olitti, naannawa faalama qilleensaarraa qulqullqq’e babal’isuuf gimaacha guddaa taasisuusaa eeraniiru. Ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa guddaa kanarraa ga’uunsaanii dinqisiifatamuu qaba jedhaniiru.
Sagantaan  Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 5, 2026 3076
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee ibsan. Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa maddu dandamachuuf, Uwwisa bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu sagantaa Ashaaraa Magariisaa innisheetivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti. Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera. Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee bakka kosii gogaa itti gatan Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan. Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni bosona biyyattii akka dabale ibsaniiru. Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif fala ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu keessattis qoodasaa ba’achaa akka jiru ibsaniiru. Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru. Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii misoomsuu hojjetameen sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka kosii gogaa itti gatan yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 28566
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 14340
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 14899
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015