Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Buna bakka gahumsa Daawwattotaa gochuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Jan 27, 2026 10
Amajjii 19/2018(ENA)- Misooma Bunaa, adeemsa Omishaa fi Sirna danfuusaa qabeenya Tuurizimii biroo waliin wal-qabsiisuun hojiin beeksisuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Turiizimii beeksise. Waltajjiin Marii Tuurizimii Bunaarratti Xiyyeeffate bakka qooda fudhattoonni argamanitti magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.   Ministeera Tuurizimiitti Dursaan hojii raawwachiisaa Hawataa fi Misooma Turiizimii Muusaa Kadir akka jedhanitti, bakkeewwan gahumsa Tuurizimii hojiin Buna waliin walitti hidhuun hojjetamaa jira. Itiyoophiyaan bakka argama bunaa ta’uusheen Tuuristoonni daawwannaaf dhufan adeemsa omisha Bunaa akkasumas, dhandhama addaa Buna keenyaa akka dhandhaman gochuu qabna jedhaniiru. Keessumaa Misooma Bunaa, adeemsa omishaa fi sirna danfisuusaa bakkeewwan gahumsa Tuurizimii waliin wal qabsiisuun galii damichaa guddisuuf tattaaffiin akka taasifamu ibsaniiru. Omisha Bunaa qulqulluu fi Sadarkaasaa eeggate damee Tuurizimiif Carraa guddaa ta’uu eeruun, hojiin eegalame Bunni Itiyoophiyaa Addunyaarratti beekamuusaa fi barbaadamuusaa dabaluuf ni gargaara jedhaniiru.   Itti Aanaan Komishinaraa Komishinii Tururizimii Oromiyaa Naggaa Wadaajoo gamasaaniin, Naannichatti Bunni hedduuminaan kan itti omishamu waan ta’eef Buna damee Tuurizimii waliin walitti hidhuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru. Bunni Sirna Danfisuusaarraa eegalee Xiyyeeffannoo Daawwattootaa kan hawatu waan ta’eef, Carraa kana qabeenyaTuurizimii dabalataa taasisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Bakkeewwan Hawata Tuurizimii bakka adda addaa jiran daawwatootaaf qulqullina omisha buna keenyaa agarsiisuun akka danda’amu qaamolee qooda fudhattota waliin hojiin qindoominaa ni hojjetama jedhaniiru.
Fedhii Afrikaan Mana Maree Nageenyichaa keessatti teessoo dhaabbataa argachuuf qabdu haqaa waloo seenaa qabeessa kan uumudha - Mahaammud Alii Yusuuf
Jan 27, 2026 6
Amajjii 19/2018(ENA) - Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf, Afrikaan miseensa dhaabbataa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uuf fedhiin waloo qabdu haqaa fi walqixxummaa seenaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Afrikaan jaarraa hedduuf bakka bu’ummaa dhaabbataa qabaachuu dhabuun ishee amanamummaa mana marichaa gaaffii keessa galcha jedhaniiru. Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaleessa galgala waltajjii falmii uummataa sadarkaa olaanaa taasiseera. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf haasawa wayita sana toora intarneetii irratti taasisaniin, Afrikaa malee qormaanni addunyaa adda bahee furmaata argachuu akka hin dandeenye cimsitee akka amantu himaniiru. Dura taa’aan kun seerri idil-addunyaa haala hubannoo seenaa wajjin walsimuun hojiirra ooluu akka qabu kan dubbatan yoo ta’u, keessumaa koloneeffannaa fi alseerummaan caasaa xiyyeeffannoo addaa akka barbaadu hubachiisaniiru. Yusuuf Afrikaan nageenyaaf kutannoo qabatamaa qabaachuu eeruun, gumaacha nagaa eegsisuu, nageenyaaf wareegama kaffaluu, humnaan osoo hin taane ol’aantummaa seeraaf kutannoo qabaachuu ishee, akkasumas nagaa eegsisuu irratti walta’insa cimaa Gamtaan Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin qabu agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru. Afrikaan nageenyaa fi tasgabbii addunyaa eegsisuuf gumaacha guddaa taasiftus, amma waltajjii addunyaa irratti bakka bu’ummaa amma qabdu keessatti dhimmi alseerumaa rakkoo bu’uuraa ta’ee akka itti fufe dubbataniiru. Biyyoota 55 fi uummata biliyoona 1 tuqaa 4 kan qabdu Afrikaan, Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii erga hundaa’ee kan waggaa 80 lakkoofsise keessaa teessoo dhaabbataa argachuu dhabuun ishee haqa dhabuu qofa osoo hin taane amanamummaa mana marichaa gaaffii keessa galcha jedhan. Dura taa’aan kun fedhiin waloo Afrikaa Mana Maree kana keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa mirga guutuu qabaachuudha; kunis walqixxummaa, sirna addunyaa keessatti gahumsaa fi haqa seenaa kan mirkaneessu ta’uu odeeffannoo ENA’n Gamtaa Afrikaa irraa argate ni mul’isa.
Sirni hubannoo namtolcheerratti hundaa’uun yakkoota faayinaansii ittisuuf gargaaru hojjetamuufi
Jan 27, 2026 7
Amajji 19/2018(ENA) - Maallaqa seeraan alaa fi deeggarsa shororkeessummaa maallaqaan taasifamu ittisuuf sirna hubannoo namtolchee (AI)’n hojjetu misoomsuuf waliigalteen mallattaa’eera. Walii galticha kan mallatteessan daariktara olaanaa Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa fi daariktara olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluuqan Amaaree dha.   Daariktarri olaanaa inistitiyuutichaa doktar Warquu Gaachanaa wayita sana akka jedhanitti, waliigaltichi tattaaffii Kutaan Odeeffannoo Faayinaansii daddabarsa maallaqaa fi faayinaansii shororkeessummaa ittisuuf taasisaa jiru kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Sirnichi hubannoo namtolchee (AI) irratti kan hundaa’e yoo ta’u, yakkoonni walxaxaa ta’an osoo hin raawwatamiin dursa ittisuu fi rakkooleen yeroo uumaman miidhaa guddaa osoo hin qaqqabsiisiin saffisaan furuuf kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru. Sirna kana misoomsuuf hojiin haaldureewwanii hojjetamaa akka turan eeruun, hojii sadarkaa idil addunyaa eeggate hojjechuun yeroodhaan dhiyeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru.   Daariktarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluqan Amaaree gama isaaniin, Itiyoophiyaan akka miseensa Waldaa Dhaabbilee Faayinaansii fi Taaski Foorsii Tarkaanfii Faayinaansii Addunyaatti odeeffannoo yakka faayinaansii biyyoota biroo waliin akka wal jijjiirtu ibsaniiru. Maallaqa seeraan ala argame akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruun yakkoota walxaxaa fi daangaa ce’aa waan ta’aniif deeggarsa teekinooloojii barbaachisa jedhani. Misoomni sirnichaa yakkoota walxaxaa qolachuuf biyyootaa fi qaamolee seera kabachiisan waliin ta’uun yakka irraa bu’aa argachuun akka hin danda’amne agarsiisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru. Itiyoophiyaan sirna maallaqa seeraan alaa argamee akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu, yakkoota maallaqaa deeggarsa shororkeessummaaf oolan ittisuu fi nageenya ishee mirkaneessu misoomsuun ishee, biyyoota Afrikaa hedduuf fakkeenya ta’ee tajaajila jedhani.
Magalaa Shaaggaritti dargaggonni horsiisa lukkuu irratti waldaan gurmaa’an guyyaatti killee miliyoona tokkoo ol gabaaf dhiyeessaa jiru
Jan 27, 2026 9
Ammjji 19/2018(ENA) -Magaalaa shaggaritti dargaggoonni waldaan gurmaa’anii hojjechaa jiran guyyaatti killee miliyoona tokko ol gabaaf dhiyeessaa akka jiran dubbatan. Waldaalee kunneen keessaa Waldaa Shariikaa Badiriyaa, Huseenii fi hiriyyoottanii isaan isa tokkodha. Miiseensa waldichaa kan ta’an obbo Huseen Aliyyii akka jedhanitti, kanaan dura hojii dhabeeyyii kan turan yoo ta’u haala mijataa mootummaan qopheesseen lukkuu killee kuma 2 fi 200’n hojiitti galuun bu’aa guddaa argataa jirra jedhaniiru. Hojii Kanaan namoota lamaaf carraa hojii uumuu isaanii himanii, guyyaatti galii birrii kuma 30 ol argataniirraa qusachuun fuulduraaf caalaatti guddachuuf hojjetaa jirras jedhaniiru. Misooma Kanaan badhaadhina maatii dhugoomsuurra darbee gabaa tasgabbeessuurratti shoora olaanaa ba’ataa jirra jedhaniiru. Obbo Habtaamuu Qanaa’aas nama shan ta'uun Waldaan gurmaa’uun hojiitti galaniru. Hojii kana gara fuula duratti babal’isanii hojjechuuf karoora akka qaban eeranii; Dargaggoonni biroonis haala mijataa mootummaan kallattii kanaan uumee jiru fayyadamuun hoii dhabdummarraa bilisa bahu fi jiruu fi jireenya isaanii fooyyeessuuf hojjechuu qabu jedhaniiru. Itti gafatamaan Wajjira Qonnaa kutaa magaalaa Furii Obbo Mootummaa Guuttataa akka himanitti, kutaa magaalichaatti misooma qonna magaalaa hojetamaa jiruun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, eegattummaa jalaa bahu, oomisha gahaa gabaaf dhiheessuu irratti xiyyeeffatamee hojjetama jira. Kutaa magaalichaatti bara darbee sheediiwwan 400 ol kilaasara misooma beelladaaf ijaaruun dargaggoonni waldaan gurmaa’an akka keessaatti hojjetan taasifamuu himaniiru. Akkasumas tajaajjilli liqaa fi bakka hojii mijachuu ibsanii, deeggarsaa fi hordoffiin taasifamaa akka jirus eeraniiru. Inisheetivii misooma beelladaa kanaan lammileen hedduun carraa hojii argachuu himanii, yeroo ammaa oomishaalee gabaaf dhiheessuun hawaasni gatii madaalawaan akka argatu taasisuu danda’aniiru jedhaniiru. Hogganaan waajjira qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Dajanee Baqqalaa akka jadhanitti, magaalaa ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. Magaalichatti bara 2016 eegalee Inisheetiivii misooma beeladaa dhugoomsuuf sheediwwan kuma 16 ijaaruun lammiilee hojii dhabeeyyii gurmii fi qaxarriin fayyadamaa taasifneerra jedhan. Bara kanas baatiiwwan 6’n darbanitti sheediwwan kuma 10 fi 350 ijaaruun beelada miiliyoona 4 tuqaa 9 dhiyeessuu himaniiru. Dameewwan horsiisa lukkuu, horii aannanii, furdisa, horsiisa qurxummii fi misooma dammaarratti dargagoonni hoji dhabeeyyiin hirmaachuun carraa hojii argachuun dinagdee isaanii guddifataa akka jiran beeksisaniiru.
Kan mul'ate

Kantiibaa Adaanach Abeebee mankuusaa kuduraa fi muduraa ammayyaa, galtee beelladaa qabbaneessuu fi gamoo walii galaa hojii eegalchiisan.
Jan 27, 2026 10
Amajjii 19/2018 (ENA)- Kantiibaa Adaanach Abeebee mankuusaa kuduraa fi muduraa ammayyaa, galtee beelladaa qabbaneessuu fi gamoo hunda galeessa hojii eegalchiisaniiru. Kantiibaa Adaanach Abeebee dabalatee ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee fi hoggantoonni biroon saganticharratti argamaniiru. Mankuusaan qabbaneessaa fi gamoon hunda galeessi kun lafa karee meetira kuma 11 fi 400 caalu irratti kan hojjetamee fi guddinasaatiin adda duree ta’uun ibsameera. Haala Kanaan Qisaasamaa fi faalama oomishaan booda uumamu oolchuun, tasgabbii gabaa uumuudhaan akkasumas kuduraa fi muduraa oomishaman akkasumas galteewwan beelladaa qabiyyeesaanii eeganii hawaasa shamataa fi gabaa alaaf akka dhihaatan gochuun faayidaa olaanaa qabu jedhameera. Dabalataanis hawaasni shamataan oomishoota qonnaa reefuu gatii maluun akka argatu dandeessisuusaanii kantiibaa Adaanach Abeebee ibsaniiru. Fayyadama qonnaan bulaa mirkaneessuu fi caancala gabaa gabaabsuu keessattis gumaacha guddaa taasisu. Bulchiinsi Magaalichaa Pirojektiin kun akka dhugoomu qabiyyee barbaachisu dhiheessuudhaan deeggarsa taasise hojiilee birootiinis cimsee akka itti fufu ibsaniiru. Pirojektichi qulqullinaa fi dandeettii dorgommii oomishaa qonnaatiif barbaachisaa ta’uusaa eeraniiru. Hooggantoota, ogeeyyotaa fi dhaabbilee pirojektiin faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabu kun akka dhugoomu taasisan galateeffataniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna biyyaalessaa kan agarsiisuu fi  boona biyyaalessaaf agarsiiftuudha-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Jan 24, 2026 239
Amajjii 16/2018 (ENA)- Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna biyyaalessaa kan agarsiisuu fi boona biyyaalessaaf agarsiiftuu ta’uu ajajaan olaanaa human qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan. Kabajni wagga 90ffaa human qilleensaa Itiyoophiyaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad dabalatee keessummoonni olaanaa biyyoota garagaraa bakka argamanitti dammaqinaan gaggeeffamaa jira. Ayyaana hundeeffamaa kana ilaalchisuun agarsiifni qilleensarraa dinqisiifatamaan “Xuqur Anbassaa” jedhamuun beekamu gaggeeffamaa jira. Ajajaan olaanaa human qilleensaa Itiyoophiyaa Letemnaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa wayita kana akka dubbatanitti, sagantaan kun kabaja ayyaana wagga 90ffaa qofa osoo hin ta’iin, tajaajila biyyaalessaa cimaa fi agarsiiftuu ga’oomaa wagga sagaltamaati. Waggoottan 90 darbaniif humni qilleensaa Itiyoophiyaa dahannoo birmadummaa Itiyoophiyaa isa cimaa ta’ee turuusaa ibsaniiru. Biyyoota Afriikaarraa Itiyoophiyaan humna qilleensaa hundeessuun adda duree ta’uushee, ergamoota nagaa kabachiisuu deeggaruushee fi humnoota faayidaa biyyaalessaashee dura dhaabbachuu barbaadan mogolee kan buufte ta’uu dubbataniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa fi agarsiifni qilleensarraa Xuqur Anbassaa kun agarsiiftuu boonuu Itiyoophiyaa fi ga’ooma balallii qabatamaan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Ajajoonni human qilleensaa Afriikaa fi biyyoota garagaraa argamuu isaaniitti kan boonan ta’uu Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsanii, qaamolee milkaa’ina kanaaf deeggarsa taasisan hunda galateeffataniiru. Agarsiifni qilleensarraa kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti kan ijaaru ta’uu eeranii, Kaadhimamtoonni waan abjootan arguuf cimanii akka hojjetan, lammiileenis carraa teeknooloojii egeree biyyasaaniitti akka abdatan kan godhu ta’uu ibsaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu dandeettii biyyaalessaa, biyyi kan itti boonuu fi barbaadamummaa idil addunyaa guddisuuf meeshaa tarsiimawaa ta’uusaas hubachiisaniiru. "Kan darbetti ni boonna, kan ammaatiin nigaggeeffamna, kan fuulduraa ni bocna” kan jedhan Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, sagantichi agarsiiftuu cehumnsa industirii fi tumsa waloo ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis ayyaanni kun milkaa’ina bu’ura misoomaa akkasumas agarsiiftuu dandeettii human qilleensaa dhaloota afraffaa fi shanaffaa ta’uu eeraniiru. Miseensonni human qilleensaa halkan hedduu hirriba malee dabarsanii dandeettii Itiyoophiyaa qabatamaan waan agarsiisaniif galata guddaa qabu jedhaniiru. Deeggartoonni idil addunyaa sagantaa kanatti hirmaachuunsaanii hariiroo keenya cimsuun tumsa waloo keenya guddisuu fi dandeettii human qilleensaa amansiisaa ta’e ijaatuuf haalli mijataan akka uumamu ibsaniiru.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 24, 2026 173
Amajji 16/2018(ENA) - Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha jedhani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Agarsiisni Qilleensaa Leenca Gurraacha waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti kabajameera. Wayita sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, humni qilleensichaa waggoota 90 kana keessatti bu’a bahii hedduu dabarsuu eeraniiru. Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu fi weeraruu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha jedhani. Akkasumas, Itiyoophiyaa bira darbee, bara xumura bulchiinsa koloneeffataa, naannoo qilleensaa Taanzaaniyaa kan eege, kan Afrikaanota boonsu dha jedhaniiru. Humni qilleensichaa meeshaalee ammayyaa kan hidhate,gahumsa olaanaa irratti akka argamus ibsaniiru. Nuti Itiyoophiyaatiin ala haadha hin qabnu kan jedhan ministirri muummee,Itiyoophiyaan haadha keenya bakka bu’insa hin qabne ta’uu hubannee ulfina biyyaaf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 5’n dhufan keessatti humna amma qabu dachaan dabaluuf ammas xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Itiyoophiyaan bara kana guddina dhibbentaa 10.3 akka galmeessitu raawwiin hojii ji'a ja'aa ni argisiisa jedhan. Guddinni kun kan argamu immoo dhaabbilee waraanaa fi nageenyaa ciccimoo ijaaruudhaan akka ta’es ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya kaleessa irra dhaabbatte miti kan jedhan Ministirri Muummee, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii yeroon gaafatu kan gonfate dha jedhani. Nuti kan namaa hin barbaannu;kan keenyas hin kenninu jedhan. Kan nutti kennames yoo jiraate isaaniif deebisuun keenya hin oolu jedhan.
Bulchiinsichi aadaa hojii jijjiiree hojjechuun damee hundaan bu'aa gaarii galmeessisuu danda'eera - Kantiibaa Adaanach Abeebee
Jan 24, 2026 152
Amajjii 16/2018 (ENA)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee aadaa hojii jijjiiruun halkanii fi guyyaa hojjechuun damee hundaan bu’aa ajaa’ibsiisaa galmeessuu danda’eera jedhani kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii karoora hojii mootummaa fi paartii walakkaa waggaa jalqabaa bara 2018 har'a eegaleera.   Waltajjicharratti kantiibaa Adaanach Abeebee, Af-yaa'iin Mana Maree Magaalichaa aadde Buzeenaa Alkadir, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa fi qondaaltonni olaanoo biroo argamaniiru. Baniinsa waltajjichaarratti kantiibaan magaalattii Adaanach Abeebee ji’oota jahan darbanitti pirojektoota damee hundaan karoorfame keessaa giddu galeessaan dhibbeentaa 95 ol xumuramuu ibsaniiru. Bu’aan kuni argamuu kan danda’eef bulchiinsichi aadaa hojii jijjiiruun halkanii fi guyyaa hojjechuun ta’uu eeraniiru. Bu’aawwan argamaniif inni ijoon hoggansi sadarkaan jiru qindoominaan waliin hojjechuun, jiraattonnii fi michoonni misoomaa si’oominaan hirmaachuun,akkasumas deeggarsa jiraattonni magaalittii hojiilee misoomaaf taasise ta’uu himaniiru.   Bu’aan misoomaa argame qindoomina qaamolee hundaa jiraattota magaalittii fi michoota misoomaa ta’uu eeraniiru. Waltajjiin kun ji’oota jahan itti aananiif dandeettii fi muuxannoo dabalataa kan itti horannuu fi jiraattota magaalaa keenyaa haala fooyya’anii fi amanamummaa guddaadhaan tajaajiluuf kan itti qophoofnudha jechuun ibsaniiru.
Gamtaan hojjennee mul'ata Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf qabanne ni mirkaneessina - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jan 24, 2026 136
Amajjii 16/2018(ENA) – Gamtaan hojjennee mul'ata Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf qabanne ni mirkaneessina jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee. Kantiibaan magaalattii Adaanach Abeebee, ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, ganama har'aa waltajjiin madaallii imala hojii magaalattii ji'oota jahaaf gaggeeffamu ifatti eegalamuu isaa hubachiisaniiru. "Gamaaggama guyyaa sadii kanaan hojiilee ijoo mootummaa fi paartii bara bajataa walakkaa 2018, hoggantoota aanaatii haga magaalaa jiran waliin gadi fageenyaan ni qoranna" jedhaniiru.   Baatii jahan darban aadaa hojii halkaanii fi guyyaa hojjechuun uummataa fi tumsitoota misoomaa waliin qindoomuun damee hundaan raawwii %95.3 milkeessuun danda'amuu eeran. Raawwii gaariin galmaa'us, dhaabbileen karoora qabame bifa walfakkaatuun raawwachuu dhabuun, tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu irratti qaawwi jiraachuu, matta'aa gaafachuu, gaarummaan tajaajiluurratti rakkoolee jiran iftoominaan adda baasuun sirriitti akka qoratamus himaniiru.   Waltajjiin kun ji’oota jahan itti aananiif dandeettii fi muuxannoo dabalataa kan itti horannuu fi jiraattota magaalaa keenyaa haala fooyya’aanii fi amanamummaa guddaadhaan tajaajiluuf kan itti qophoofnudha jechuun ibsaniiru. Milkaa’inoota piroojaktoota misoomaaf gumaacha kan taasisan,hoggantoota, hojjettootaa fi michoota misoomaa galateeffateeffataniiru.
Tumsi siyaasaa dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee itti ni fufaa
Jan 22, 2026 228
Amajjii 14/2018(ENA)- Tumsi siyaasaa, dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee akka itti fufu ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ministira dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfulni waliin har’a mari’ataniiru. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos marii kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman biyyoota tumsa gam-lamee turee fi cimaa qabanidha jedhaniiru. Barri 2018 bara addaa waggaa 120ffaa hariiroo dippilomaasii itti eegalan kan kabajan ta’uu eeranii, michooma bara dheera biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti guddisuuf walii galteerra gahamuu dubbataniiru. Walgahiin ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Chaansilariin rippaabiliikii Jarman Olaaf Sholzi yaa’ii hoggantoota garee 20 (G-20) cinaatti gaggeessan tumsaa olaanaa fi kaka’umsa uumeera jedhan. Daawwannaan ministira dhimma alaa Jarman kun agarsiiftuu fedhii kanaa ta’uu eeraniiru. Hoggantoonni lamaan marii gaggeessaniin mariin siyaasaa gam-lamee fi komishinii ministirootaa waloo hojmaattota gam-lamee turan irra deebiin eegalchiisuuf walii galteerra gahamuu eeraniiru. Tumsa siyaasaa, dinagdee fi misoomaa biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuuf marii gaggeessaniin walii galteerra gahamuu yaadachiisaniiru. Ministirri dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfuln gamasaaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman hariiroo bara dheeraa akka qaban eeranii, Jarman hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti akka cimsitu mirkaneessaniiru. Tattaaffii Itiyoophiyaan riijinichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf taasiftu ministirichi dinqisiifatanii, ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu dinagdee cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Jarman ijaarsa kanarratti hirmaachuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Yeroo jijjiiramaa kanatti hariiroo keenya cimsuu fi eeguu qabna kan jedhan ministirichi, seenaan dippilomaasii waggaa 120 bu’ura cimaa ta’uu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Miidhaa cimaa Vaayirasiin Maarbargi lammiilee irraan geessisuuf ture sirna ittisaa dhibee cimaan to’achuun danda’ameera
Jan 26, 2026 83
Amajjii 18/2018(ENA) – Miidhaa cimaa Vaayirasiin Maarbargi lammiilee irraan geessisuuf ture sirna ittisaa dhibee cimaan to’achuun danda’ameera jedhan Ministirri Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa. Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi ittisuuf deebii qindoominaa fi hatattamaa kenniteen dhabamsiisuu dandeesseetti. Kanaanis Itiyoophiyaan balaa fayyaa hawaasaa mudate milkaa’inaan ittisuu fi vaayirasii Maarbargi kan baatii Onkoloolessa keessa mudatee ture guutummaatti dhabamsiisuu hordofee sagantaan beekamtii fi galateeffannaa gaggeeffameera.   Saganticharratti Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo dabalatee Pirezidaantoonni naannoolee, Ministirri Fayya doktar Maqdas Dhaabaa, Ambaasaaddaroonni, qaamoleen tumsitootaa fi keessummoonni waaamichi taasifameef argamaniiru. Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan muuxannoo fi ogummaa ittisa dhibee irratti qabdutti fayyadamuun weerara vaayirasii Marbargi saffisaan deebii kennuu dandeesseetti. Haaluma kanaan miidhaa hamaa vaayirasiin Maarbargi lammiilee irra geessisuuf ture sirna ittisaa dhibee cimaan to’achuun danda’ameera jedhan. Sirni Itiyoophiyaan tamsa’ina vaayirasii Maarbargi to’atte bu’aa qajeelfama saayinsii hojiirra oolchuu fi haala jiru hojiirraa oolchuun ta’uu isaaf agarsiiftuu dha jedhan. Deebii ariifachiisaa Itiyoophiyaan ittisa dhibee vaayirasii Maarbargi irratti agarsiifte kun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan ta’udha kan jedhan ministirri kun, kunis lammiileen imaammata mootummaa irraa kennamuuf fudhachuun hojiirra oolchuu isaaf agarsiiftuu dha jedhan. Dhaabbileen Federaalaa fi naannoolee akkasumas ogeessonni fayyaa tumsa vaayirasii Maarbargi ittisuu irratti taasisaniif galata galchaniiru. Gara fuula duraattis dandeettii deebii fayyaa cimaa fi saffisaa Itiyoophiyaan qabdu daran cimsuun qulqullinaa fi sadarkaa tajaajila fayyaa lammiilee fooyyessuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufamu mirkaneessaniiru.
Akkaataa vaayirasiin Maarbargi itti to'atame Itiyoophiyaan sirna fayyaa dhibee hatattamaaf hin jilbeeffanne ijaaruu ishee agarsiisa-Af-yaa'ii Taaggasaa Caafoo
Jan 26, 2026 66
Amajjii 18/ 2018(ENA) - Itiyoophiyaan vaayirasii Maarbargi to’achuu danda’uun ishee dandeettii weerara dhibee tasaa to’achuuf qabdu agarsiisa jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoon. Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi ittisuuf deebii qindoominaa fi hatattamaa kenniteen guutummaan guutuutti dhabamsiisuu dandeesseetti. Waltajjii hoggansa deebii balaa tasaa fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa fi labsii to’annoo dhukkuba vaayirasii Maarbargi gaggeeffame irratti sagantaan beekamtii kennuu adeemsifameera.   Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoon wayita kana ergaa dabarsaniin, bu’aan vaayirasii Maarbargi to’achuun dhufe hiikaa guddaa qaba jedhan. Vaayirasicha Iiytoophiyaa keessaa balleessuuf karaan danda’ame milkaa’ina imaammata fayyaa akkasumas kutannoo fi qindoomina hoggansaaf agarsiistuu ta’uu eeranii, imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojii eegumsa fayyaa lammiileef dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu himan. Hojimaata saayinsawaa hordofuun sirni deebii qindaa’aa itti kenname vaayirasicha Itiyoophiyaa keessaa balleessuu akka dandeessisee fi kunis Itiyoophiyaan sirna fayyaa dhukkuboota tasaa dandamatu ijaaruu ishee kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Qaamolee tattaaffii vaayirasicha to’achuu keessatti qooda isaanii bahatan galateeffataniiru. Bu’aa dinqisiisaa argame itti fufsiisuun hojiin dandeettii sirna fayyaa cimsuu fi ammayyeessuu cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Haalli Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi jalaa bilisa baate agarsiiftuu gahumsa hoggansa cimaa qabaachuu isheef ragaadha
Jan 26, 2026 74
Amajjii 18/2018(ENA)- Haalli Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi jalaa bilisa baate agarsiiftuu gahumsa hoggansa cimaa qabaachuu isheef ragaadha jechuun ibsan Daarektarri Olaanaa Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa Doktar Jiin Kaaseyaa. Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi ittisuuf deebii qindoominaa fi hatattamaa kenniteen dhabamsiisuu dandeesseetti. Kanaanis Itiyoophiyaan balaa fayyaa hawaasaa mudate milkaa’inaan ittisuu fi vaayirasii Maarbargi kan baatii Onkoloolessa keessa mudatee ture guutummaatti dhabamsiisuu hordofee sagantaan beekamtii fi galateeffannaa gaggeeffameera.   Saganticharratti Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo dabalatee, Pirezidaantoonni naannoolee, Ministirri Fayya doktar Maqdas Dhaabaa, Ambaasaaddaroonni, qaamoleen tumsitootaa fi keessummoonni waaamichi taasifameef argamaniiru. Daarektarri Olaanaa Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa Doktar Jiin Kaaseyaa wayita sanatti, Itiyoophiyaan dhukkuba vaayirasii Marbargi ittisuuf tarkaanfii cimaa fudhatteetti jedhan. Kunis bu'aa tajaajila hawaasaa cimaa kennuu isheetiin kan argame yoo ta'u, dandeettii ittisa cimaa qabaachuu ishee kan agarsiisu jedhan. Haalli Itiyoophiyaan vaayirasii Marbargi jalaa bilisa baate agarsiiftuu gahumsa hooggansa cimaa qabaachuu isheef ragaadha jedhaniiru. Giddu galichi dhibicha ittisuu fi to’achuuf kan isa dandeessisu galteewwan dhiyeessuun dhukkuba vaayirasii Maarbargi ittisuu fi to’achuuf hojjechaa turuu ibseera. Giddugalichi hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu eeruun, sirna dandeettii Itiyoophiyaan dhibee ofirraa ittisuuf qabdu dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Piroofeesar Firaansis Kaasooloo gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan dhibee vaayirasii Marbargi irraa bilisa ta’uun tumsa mootummaa fi hawaasa gidduu jiru kan agarsiisudha jedhan. Dhukkubni vaayirasii Marbargi addunyaatti saffisaan babal’achaa wayita jiruu Itiyoophiyaan sirna ittisa dhibee iftoomina fi qindoomina qabuun vaayirasicha to’achuu dandeesseetti jedhan.   Itiyoophiyaatti hariiroon mootummaa, dhaabbilee fayyaa fi hawaasa gidduu jiru qabatamaan jijjiirama fiduu isaa nutti agarsiisedha jedhan.
Diinagdee
Buna bakka gahumsa Daawwattotaa gochuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Jan 27, 2026 10
Amajjii 19/2018(ENA)- Misooma Bunaa, adeemsa Omishaa fi Sirna danfuusaa qabeenya Tuurizimii biroo waliin wal-qabsiisuun hojiin beeksisuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Turiizimii beeksise. Waltajjiin Marii Tuurizimii Bunaarratti Xiyyeeffate bakka qooda fudhattoonni argamanitti magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.   Ministeera Tuurizimiitti Dursaan hojii raawwachiisaa Hawataa fi Misooma Turiizimii Muusaa Kadir akka jedhanitti, bakkeewwan gahumsa Tuurizimii hojiin Buna waliin walitti hidhuun hojjetamaa jira. Itiyoophiyaan bakka argama bunaa ta’uusheen Tuuristoonni daawwannaaf dhufan adeemsa omisha Bunaa akkasumas, dhandhama addaa Buna keenyaa akka dhandhaman gochuu qabna jedhaniiru. Keessumaa Misooma Bunaa, adeemsa omishaa fi sirna danfisuusaa bakkeewwan gahumsa Tuurizimii waliin wal qabsiisuun galii damichaa guddisuuf tattaaffiin akka taasifamu ibsaniiru. Omisha Bunaa qulqulluu fi Sadarkaasaa eeggate damee Tuurizimiif Carraa guddaa ta’uu eeruun, hojiin eegalame Bunni Itiyoophiyaa Addunyaarratti beekamuusaa fi barbaadamuusaa dabaluuf ni gargaara jedhaniiru.   Itti Aanaan Komishinaraa Komishinii Tururizimii Oromiyaa Naggaa Wadaajoo gamasaaniin, Naannichatti Bunni hedduuminaan kan itti omishamu waan ta’eef Buna damee Tuurizimii waliin walitti hidhuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru. Bunni Sirna Danfisuusaarraa eegalee Xiyyeeffannoo Daawwattootaa kan hawatu waan ta’eef, Carraa kana qabeenyaTuurizimii dabalataa taasisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Bakkeewwan Hawata Tuurizimii bakka adda addaa jiran daawwatootaaf qulqullina omisha buna keenyaa agarsiisuun akka danda’amu qaamolee qooda fudhattota waliin hojiin qindoominaa ni hojjetama jedhaniiru.
Magalaa Shaaggaritti dargaggonni horsiisa lukkuu irratti waldaan gurmaa’an guyyaatti killee miliyoona tokkoo ol gabaaf dhiyeessaa jiru
Jan 27, 2026 9
Ammjji 19/2018(ENA) -Magaalaa shaggaritti dargaggoonni waldaan gurmaa’anii hojjechaa jiran guyyaatti killee miliyoona tokko ol gabaaf dhiyeessaa akka jiran dubbatan. Waldaalee kunneen keessaa Waldaa Shariikaa Badiriyaa, Huseenii fi hiriyyoottanii isaan isa tokkodha. Miiseensa waldichaa kan ta’an obbo Huseen Aliyyii akka jedhanitti, kanaan dura hojii dhabeeyyii kan turan yoo ta’u haala mijataa mootummaan qopheesseen lukkuu killee kuma 2 fi 200’n hojiitti galuun bu’aa guddaa argataa jirra jedhaniiru. Hojii Kanaan namoota lamaaf carraa hojii uumuu isaanii himanii, guyyaatti galii birrii kuma 30 ol argataniirraa qusachuun fuulduraaf caalaatti guddachuuf hojjetaa jirras jedhaniiru. Misooma Kanaan badhaadhina maatii dhugoomsuurra darbee gabaa tasgabbeessuurratti shoora olaanaa ba’ataa jirra jedhaniiru. Obbo Habtaamuu Qanaa’aas nama shan ta'uun Waldaan gurmaa’uun hojiitti galaniru. Hojii kana gara fuula duratti babal’isanii hojjechuuf karoora akka qaban eeranii; Dargaggoonni biroonis haala mijataa mootummaan kallattii kanaan uumee jiru fayyadamuun hoii dhabdummarraa bilisa bahu fi jiruu fi jireenya isaanii fooyyeessuuf hojjechuu qabu jedhaniiru. Itti gafatamaan Wajjira Qonnaa kutaa magaalaa Furii Obbo Mootummaa Guuttataa akka himanitti, kutaa magaalichaatti misooma qonna magaalaa hojetamaa jiruun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, eegattummaa jalaa bahu, oomisha gahaa gabaaf dhiheessuu irratti xiyyeeffatamee hojjetama jira. Kutaa magaalichaatti bara darbee sheediiwwan 400 ol kilaasara misooma beelladaaf ijaaruun dargaggoonni waldaan gurmaa’an akka keessaatti hojjetan taasifamuu himaniiru. Akkasumas tajaajjilli liqaa fi bakka hojii mijachuu ibsanii, deeggarsaa fi hordoffiin taasifamaa akka jirus eeraniiru. Inisheetivii misooma beelladaa kanaan lammileen hedduun carraa hojii argachuu himanii, yeroo ammaa oomishaalee gabaaf dhiheessuun hawaasni gatii madaalawaan akka argatu taasisuu danda’aniiru jedhaniiru. Hogganaan waajjira qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Dajanee Baqqalaa akka jadhanitti, magaalaa ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. Magaalichatti bara 2016 eegalee Inisheetiivii misooma beeladaa dhugoomsuuf sheediwwan kuma 16 ijaaruun lammiilee hojii dhabeeyyii gurmii fi qaxarriin fayyadamaa taasifneerra jedhan. Bara kanas baatiiwwan 6’n darbanitti sheediwwan kuma 10 fi 350 ijaaruun beelada miiliyoona 4 tuqaa 9 dhiyeessuu himaniiru. Dameewwan horsiisa lukkuu, horii aannanii, furdisa, horsiisa qurxummii fi misooma dammaarratti dargagoonni hoji dhabeeyyiin hirmaachuun carraa hojii argachuun dinagdee isaanii guddifataa akka jiran beeksisaniiru.
Kantiibaa Adaanach Abeebee mankuusaa kuduraa fi muduraa ammayyaa, galtee beelladaa qabbaneessuu fi gamoo walii galaa hojii eegalchiisan.
Jan 27, 2026 10
Amajjii 19/2018 (ENA)- Kantiibaa Adaanach Abeebee mankuusaa kuduraa fi muduraa ammayyaa, galtee beelladaa qabbaneessuu fi gamoo hunda galeessa hojii eegalchiisaniiru. Kantiibaa Adaanach Abeebee dabalatee ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee fi hoggantoonni biroon saganticharratti argamaniiru. Mankuusaan qabbaneessaa fi gamoon hunda galeessi kun lafa karee meetira kuma 11 fi 400 caalu irratti kan hojjetamee fi guddinasaatiin adda duree ta’uun ibsameera. Haala Kanaan Qisaasamaa fi faalama oomishaan booda uumamu oolchuun, tasgabbii gabaa uumuudhaan akkasumas kuduraa fi muduraa oomishaman akkasumas galteewwan beelladaa qabiyyeesaanii eeganii hawaasa shamataa fi gabaa alaaf akka dhihaatan gochuun faayidaa olaanaa qabu jedhameera. Dabalataanis hawaasni shamataan oomishoota qonnaa reefuu gatii maluun akka argatu dandeessisuusaanii kantiibaa Adaanach Abeebee ibsaniiru. Fayyadama qonnaan bulaa mirkaneessuu fi caancala gabaa gabaabsuu keessattis gumaacha guddaa taasisu. Bulchiinsi Magaalichaa Pirojektiin kun akka dhugoomu qabiyyee barbaachisu dhiheessuudhaan deeggarsa taasise hojiilee birootiinis cimsee akka itti fufu ibsaniiru. Pirojektichi qulqullinaa fi dandeettii dorgommii oomishaa qonnaatiif barbaachisaa ta’uusaa eeraniiru. Hooggantoota, ogeeyyotaa fi dhaabbilee pirojektiin faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabu kun akka dhugoomu taasisan galateeffataniiru.
Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa qooda adda durummaa damee faayinaansiin qabu akka ba’atu riifoormiin dinagdee gooroo gargaareera-Ministira Ahimad Shidee
Jan 27, 2026 20
Amajjii 19/2018 (ENA)- Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa qooda adda durummaa damee faayinaansiin qabu akka ba’atu riifoormiin dinagdee gooroo gargaaruusaa Ministirri maallaqaa fi dura taa’aan boordii daarektarootaa Ahimad Shidee ibsan. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa mata duree “itti quufinsi keessan milkaa’ina baankii keenyaati” jedhuun sagantaa jalqabsiisa turban tajaajila maamiltootaa gaggeessaa jira. Obbo Ahimad Shidee wayita kana riifoormiin dinagdee gooroo guddina cimaa mirkaneessaa imala milkaa’inaarra akka jiru ibsanii, kun ammoo dameen faayinaansii jijjiirama qabatamaa akka fidu godhuusaa dubbataniiru. Haala Kanaan Baankin daldalaa Itiyoophiyaa milkaa’ina olaanaatiin imalaa akka jiru ta’uu eeraniiru. Riifoormiin dinagdee gooroo, dursaa damee faayinaansii kan ta’e baankiin daldalaa Itiyoophiyaa qooda adda durummaa damichaan qabu akka bahatu gochuusaa hubachiisaniiru. Yeroo ammaa baankichi maamiltoota miiliyoona 45f tajaajila kennaa akka jiru eeranii, fedhii maamiltootaa qorachuun tajaajiloota haaraa adda addaa hojii eegalchiisaa akka jiru eeraniiru. Torban maamiltootaa kun maamiltootaa fi hojjettoota isaan tajaajiluuf kabaja addaa qabnu kan itti ibsinudha jedhaniiru. Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa Efireem Makuraa gamasaaniin, kallattiin tarsiimoo baankichaa inni ijoon itti quufinsa maamiltootaa akka ta’e ibsaniiru. Hojmaattonni baankichi baasuu fi murtoon murteessu maamiltoota irratti kan bu’uureffate akka ta’e beeksisaniiru. Walitti dhufeenyi maamiltoota waliin jiru teeknooloojii fi qabeenya namaa waliin kan walitti hidhate ta’uu itti aanaa pirezidaantii eksiyuutiivii oppireeshinii baankii daldalaa Itiyoophiyaa Fiqrasillaasee Zawudee ibsaniiru. Baankichi hojii maamiltootarratti xiyyeeffataniin dursaa fi dorgomaa ta’uuf fooyyessa garagaraa gochuusaa dubbataniiru. Raawwii hojjettootaa madaaluuf hojmaata baankii idil addunyaa fi itti fayyadama teeknooloojiitiitti fayyadamaa jiraachuu kaasaniiru. Kunuunsi maamiltootaa ogummaa qabsiisuuf leenjiiwwan walitti fufaa kennamaa jiraachuu eeraniiru. Komiin maamiltoonni dhiheessan yeroo gabaabaatti deebii akka argatan hojmaanni diriirfamuu dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni hubannoo namtolcheerratti hundaa’uun yakkoota faayinaansii ittisuuf gargaaru hojjetamuufi
Jan 27, 2026 7
Amajji 19/2018(ENA) - Maallaqa seeraan alaa fi deeggarsa shororkeessummaa maallaqaan taasifamu ittisuuf sirna hubannoo namtolchee (AI)’n hojjetu misoomsuuf waliigalteen mallattaa’eera. Walii galticha kan mallatteessan daariktara olaanaa Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa fi daariktara olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluuqan Amaaree dha.   Daariktarri olaanaa inistitiyuutichaa doktar Warquu Gaachanaa wayita sana akka jedhanitti, waliigaltichi tattaaffii Kutaan Odeeffannoo Faayinaansii daddabarsa maallaqaa fi faayinaansii shororkeessummaa ittisuuf taasisaa jiru kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Sirnichi hubannoo namtolchee (AI) irratti kan hundaa’e yoo ta’u, yakkoonni walxaxaa ta’an osoo hin raawwatamiin dursa ittisuu fi rakkooleen yeroo uumaman miidhaa guddaa osoo hin qaqqabsiisiin saffisaan furuuf kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru. Sirna kana misoomsuuf hojiin haaldureewwanii hojjetamaa akka turan eeruun, hojii sadarkaa idil addunyaa eeggate hojjechuun yeroodhaan dhiyeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru.   Daariktarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluqan Amaaree gama isaaniin, Itiyoophiyaan akka miseensa Waldaa Dhaabbilee Faayinaansii fi Taaski Foorsii Tarkaanfii Faayinaansii Addunyaatti odeeffannoo yakka faayinaansii biyyoota biroo waliin akka wal jijjiirtu ibsaniiru. Maallaqa seeraan ala argame akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruun yakkoota walxaxaa fi daangaa ce’aa waan ta’aniif deeggarsa teekinooloojii barbaachisa jedhani. Misoomni sirnichaa yakkoota walxaxaa qolachuuf biyyootaa fi qaamolee seera kabachiisan waliin ta’uun yakka irraa bu’aa argachuun akka hin danda’amne agarsiisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru. Itiyoophiyaan sirna maallaqa seeraan alaa argamee akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu, yakkoota maallaqaa deeggarsa shororkeessummaaf oolan ittisuu fi nageenya ishee mirkaneessu misoomsuun ishee, biyyoota Afrikaa hedduuf fakkeenya ta’ee tajaajila jedhani.
Waraqaa Eenyummeessaa Dijiitaalaa FaayidaaTajaajila dhaabbilee Faayinaansii maamiltootaa saffisiisuuf  ni deeggara
Jan 21, 2026 155
Amajjii13/2018(ENA)-Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa qabannaa ragaaMaamiltoota dhaabbilee Faayinaansii Ammayyeessuuf,tajaajila si’ataa fi nageenyisa eegame kennuuf deeggarsa guddaa akka taassisu ibsame. ENAn Hoggantoota hojii dhaabbilee faayinaansii Magaalaa Cirootti argaman tajaajila waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa irratti dubbiseera. Akka Hoggantoonni hojii ibsanitti,Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo Ijaa, fuulaa fi Ashaaraa qubaa maamiltootaa meeshaalee Elektirooniksiin qabachuun namni tokko odeeffannoo wal-fakkaatu qabatee tajaajila burjaajjiirraa qulqullaa’e kennuuf kan dandeessisudha. Hojii gaggeessaan Baankii Daldala Itoophiyaa Ciroo damee Odaa bultum Balaayi Yawaalaasheet akka ibsanitti,waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa waraqaa eenyummeessaa sobaan burjaajjii raawwatamu ittisuuf gargaara. Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo elektirooniksiin qabachuun tajaajilamaan eenyummaa tokko akka qabaatu gochuun dhugummaasaa mirkaneessuuf akka gargaaru dubbataniiru. Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Baankichi kenna Tajaajila Maamilaa haaraa eegale kan saffisiisu ta’uu eeraniiru. Baankii Awaash Damee Ciroo hojii gaggeessaa tajaajila maamiltootaa fi oppireeshinii Tewoodiroos Salamoon gamasaaniin Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Maamiltoonnii fi Baankonni haala guutuu ta’een akka wal beekan gochuun kenna tajaajilaa kan saffisiisudha. Maamililli lakkoofsa faayidaa tokkoon qofaan galmaa’uusaan Baankonni tajaajila liqaa yeroo kennan maamiltootasaanii akka beekanii fi hordoffii liqaa sirnaan akka raawwataniif kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Waraqaan eenyummeessaan Dijiitaalaa FaayidaadhaabbileeFaayinaansii keessatti tajaajila waraqaarraa bilisa ta’e hojiirra oolaa jiru saffisiisuuf kan deeggarudha jedhaniiru. Itiyoo Teeleekoomitti gidduugalli Damee gurgurtaa Ciroo Tonkoluu Baqqalaa Waraqaan eenyummeessa Dijiitaalaa Faayidaa odeeffannoo nama tokkoo haala wal fakkaatuun galmeessuun kenninsa tajaajilaa saffisa fi ammayaa’aa ta’e hojiirra kan oolchu ta’uu ibsaniiru.
Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba
Jan 20, 2026 149
Amajjii 12/2018(ENA)- Appilikeeshiniin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa biyya alaarraa maallaqa erguuf kan gargaaru ‎appilikeeshinii haaraa 'CBE Connect Digital Wallet' jedhamu hojii eegalchiiseera. ‎‎Dijitaal teeknooloojiin ifoome diyaasporaan tajaajila si’ataa akka argatuu fi deddeebisa maallaqaa karaa seeraan alaa taasifamu ittisuu fi sharafa biyya alaa biyyattiin argattu guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa dubbataniiru. Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi itti aanaan pirezidaantii tajaajila korporeetii Efreem Makuraa gamasaaniin, baankichi hojmaatasaa yeroo yeroon ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru dubbataniiru. Baankichi dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa babal’isaa akka jiru beeksisaniiru. Appilikeeshiniin hojiirra oole kun imalaa dijitaalaa baankichi itti jiru sadarkaa olaanaatti akka ceesisu eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi biyya alaa caalaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa hawaalaa kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin kun teeknooloojii dijitaalaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaatiin jiru irratti jijjiirama guddaa akka fidu appilikeeshinii kana baankii daldalaa waliin walitti hidhuun kan hojjetan hojii raawwachiisaa olaanaa Staar weeyi Bassuufiqaad Geetaachoo ibsaniiru. ‎‎Haalli mijataan mootummaan kaampaaniiwwan teeknooloojiif uume kalaqxoonni akkasii akka danatan gochuusaa eeranii, fuulduras bu’aalee teeknooloojii biro hojjechuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisudha
Jan 20, 2026 132
Amajjii 12/2018(ENA)- Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisu ta’uu biiroon Innoveeshinii fi Teeknooloojii magaalaa Finfinnee beeksise. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti wayita jalqabsiisan, dijitaal 2030’n, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wal amantaa ijaaruun galmoota tarsiimichaa kanneen ijoo ta’uu himaniiru. Itti aanaa hoogganaan biiroo Innoveeshinii fi Teeknooloojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Tulluu Xilahuun ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban hojiileen bu’ura misoomaa milkaa’oon ijaarsa dinagdee dijitaalaaf murteessaa ta’an magaalaa Finfinneetti hojjetamaniiru. Keessumaa magaalattiitti tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’a qabeessummaan raawwatamuu eeranii, Kunis cehumsa dijitaala Itiyoohiyaa 2030’f bu’ura cimaa kaa’uusaa beeksisaniiru. Tarsiimoo dijitaalaa 2025tiin magaalaa Finfinneetti Paarkiin ‘ICT’ babal’achuusaa wabeeffataniiru. ‎Walitti hidhamiinsi neetwoorkii Kanaan dura si’aayina gadi aanaa fi sadarkaa gadi aanaadhaan murtaa’ee ture fooyya’uusaa ibsanii, yeroo ammaa dhaabbileen mootummaa saddettamii jaha bu’ura misoomaa Siitii neet (City Net)dhaan wal qabachuusaanii beeksisaniiru. Dabalataanis qaqqabummaan tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob fi eenyummeessaa biyyaalessaa faayidaa magaalattiiitti hojiirra oolfamaa jiru bu’aa tarsiimichaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajila mootummaa magaalattiitti kennaman guutummaatti dijitaalaayiz gochuun lammiilee bakka jiranitti tajaajila si’ataa akka argatan bu’ura kaa’uusaa ibsaniiru. ‎Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojii magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojjetamu caalaatti kan ariifachiisuu fi jireenya lammiilee kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. ‎Tarsiimoon kun fayyadamaa teeknooloojii qofa osoo hin taane, kalaqxoota furmaatilee dijitaalaa haaraa ta’an maddisiisan akka ta’an haala mijataa akka uumu dubbataniiru. Walumaa gala tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 mul’ata‎ Finfinnee ammayyaa fi Ismaarti siitii badhaate gochuuf qabame akka dhugoomsu beeksisaniiru.
Ispoortii
Madin Itiyoophiyaan Machaal waliin taphata
Jan 26, 2026 76
Amajji 18/2018(ENA) - Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa torbee 17ffaa oolmaa lammaffaa irratti taphoonni sadii ni taphatamu. Kilabni Madin Itiyoophiyaa Machaal waliin har’a guyyaa keessaa sa’aatii 10tti istaadiyeemi Finfinneetti taphata. Shaampiyoonaan liigii yerichaa Madin Itiyoophiyaan taphoota 16 taphachuun 4 mo'atee, 6 moo'ameera. Taphoota biroo 6 immoo wal qixa bahuun,taphoota 16 keessaa 12 galchuun,galchiin 14 itti lakkaa’ameera. Madin qabxii 18’n sadarkaa 114 qabateera. Morkataan isaa Machaal taphoota 16 hanga ammaatti taphateen taphoota 7’n mo’atee, taphoota 4’n immoo mo’ameera. Yeroo shan immoo qixa baheera. Galchii 22 lakkoofsisuun, galchiin 13 itti lakkaa’ameera. Machaal qabxii 26’n sadarkaa 5ffaa qabateera. Madin Itiyoophiyaan taphoota lama booda gara injifannootti deebi'uuf taphaphata. Machaal yoo injifate injifannoo isaa walitti aansuun yeroo sadaffaaf galmeeffata. Tapha biraatiin immoo Qiddus Goorgisiin Midire Gannat Shiree waliin guyyaa keessaa sa'aatii 7:00tti istaadiyeemii Finfinneetti ni taphata. Qiddus Goorgis bara kana hanga ammaatti taphoota 16 taphate keessaa 6 yoo injifatu, haaluma walfakkaatuun taphoota 6 immoo mo’atameera. Yeroo 4 immoo walqixa bahuun, galchii 15 galchuun, gooliiwwan 12 keessummeesseera. Shaampiyoonaa liigii yeroo 16 kan ta'e Qiddus Goorgis qabxii 22’n sadarkaa 8ffaa irra jira. Morkataan isaa Midire Gannat Shireen taphoota 16 taphatee shan injifateera. Yeroo jaha mo'amee shan qixa ba'eera. Taphoota 16 irratti goolii 16 galchuun, gooliin 13 immoo itti lakkaahameera. Midire Gannat Shireen qabxii 20’n sadarkaa 10 irra jira. Guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Itiyoo Elektirikiin Walaayittaa Diichaa waliin istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti taphatu. Itiyoo Elektirikiin qabxii 25’n sadarkaa 7ffaa yoo qabatu, Walaayittaa Diichaan immoo qabxii 14’n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gadi bu’insaa keessa jira. Torbee 16ffaa irratti Maqalee sabaa’andartaa mo'amuun kan isa mudate Etiyoo Elektirikiin gara injifannootti deebi'uuf kan taphatu dha. Taphoota liigii 6 darban walitti aansuun injifannoo malee kan ture Walaayittaa Diichaan qabxii sadii yoo argate naannoo gadi bu'iinsaa keessaa bahuu danda’a.
Walmorkiin seenaa qabeessii Arsenaalii fi Maanchistar Yuunayitid Hawwiin eegamu  har’a galgala  gaggeeffama
Jan 25, 2026 124
Amajjii17/2018(ENA)- Taphni Piriimar Liigii Ingiliz sagantaa torban 23ffaan Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid har’a gaggeessan Hawwiin eegama. Taphni Kilaboota lamaanii galgala sa’atii 1:30 Istaadiyeemii Emireetisitti ni gaggeeffama. Arsenaal tapha liigichatti gaggeesseen yeroo15n yoo injifatu,yeroo2 mo’ameera. Yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan Arsenaal galchiiwwan40 yoo lakkoofsisu galchiiwwan14 keessummeesseera. Lenjisaan Lammii Ispeen waggaa 43 kan ta’e Maayikil Arteettaan kan durfamu Arsenaal qabxii 50n sadarkaa 1ffaarratti argama. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited bara dorgommichaatti taphoota gaggeessee 22n yeroo 9 yoo injifatu yeroo 5n mo’ameera. Taphoota hafan biroo 8n qabxii qooddateera. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited galchii 38 yoo lakkoofsisu galchii 32 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ingiliz Waggaa 44n kan ta’e Maayikil Kaarikiin kan leenji’u Maanchistar Yuunaayitid qabxii 35n sadarkaa 5ffaarra jira. Kilaboonni lamaan morkiiwwan hundaan kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 246ffaa dha. Turtii ammaan dura yeroo 245n walitti dhufanitti Maanchistar Yuunaayitid yeroo 99 injifateera. Arsenaal Yeroo 91 yoo injifatu yeroo 55n qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 66 taphateera. Maanchistar Yuunaayitid yeroo 25n yoo injifatu Arsenaal yeroo 23 injifateera. Yeroo 18 qixaan adda baheera. Taphoota liigichaa shanan darbanitti Arsenaal yeroo 4 yoo injifatu yeroo tokko qabxii qooddateera. Yuunaayitid Liigichatte yeroo dhumaaf Arsenaaliin kan mo’ate A.L.A. Fulbaana 4 bara 2022 yoo ta’u , wayita sana 3 fi 1n injifateera. Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid seenaa Piriimar Liigii Ingilizitti gariiwwan morkattootaa kan jedhamanidha. Kilaboonni kunnen yeroo jalqabaaf kan walitti dhufan A.L.A bara 1894 ture. Taphichaan gareewwan kunneen sadii sadiin walqixaan adda bahaniiru. Gareewwan kun tapha jalqabaarraa eegalanii walmorkii waggaa 131 waltajjii Awurooppaa fi Ingiliz irratti gaggeessaniiru. Arsenaal Waancaa Liigichaa yeroo 13 yoo fudhatu, Maanchistar Yuunayitid yeroo 20 injifachuun olaantummaa qabateera. Taphichaan Arsenaal taphoota lamaan booda gara injifannootti deebi’uuf, Yuunayitid Injifannoo darbii Maancisterbooda injifannoo ittifufaa galmeessisuuf walmorkii taassifamudha. Tapha kilaboota lamaanii Hawwiin eegamu Kireeg Paawusan Abbaaseerummaan gaggeessu. Sagantaa birootiin Kiristaal paalaas Chelsii waliin , Niwuukastil Yuunaayitidii fi Astonviilaa fi Bireentifoordi, Nootingam Foorest guyyaa sa’aatii wal fakkaataa 11:00tti taphasaanii gaggeessu.
Baayer Muunik Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuutti makameera
Jan 22, 2026 163
Amajjii 14/2018(ENA)-Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Baayeer Muunik, Yuuniyeen Seeyinti Jilwaan 2 fi 0n injifateera. Tapha Galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti gaggeeffameen Harii Keen taphaa fi rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Shaampiyoonsi Liigichatti Harii Keen baay’inni galchii lakkoofsise 7 ga’eera. Bara dorgommii kanatti dorgommiiwwan hundatti galchiiwwan lakkoofsise gara 34tti ol guddiseera. Taphataan Baayer Muuniik Miin-Jee Kiim daqiiqaa 63ffaa irratti kaardii keelloo lama erga fudhatee booda kaardii diimaan dirreetii baheera. Bu’aa kana hordofee Baayer Muunik qabxii 18’n Arsenaalitti aanee kilabii 2ffaa mo’atanii darbuutti darbe ta’eera. Gareen Beeljiyeem Yuuniyeen Seeyinti Giiliwaa qabxii 6’n sadarkaa 31ffaa irra jira. Taphoota biroon Liivarpuul Maarseyiin 3 fi 0n injifateera. Doominiik Siboozilaay, Kodii Gaappikoo fi karra eegaan Marseeyi Jeerooniimoo Ruulii ofirratti galchii lakkoofsiseera. Liivarpuul qabxi 15’n sadarkaa 15ffaa yoo qabatu, Marseey qabxii 9’n sadarkaa 19ffaa qabateera. Cheelsiin Paafoosin galchii Bemooses Keeyisdo galcheen 1 fi 0n injifateera. Baarseloonaan Dirreesaan alatti Silaaviyaa Piraagiin 4 fi 2’n injifateera. Fermaan Loopeez galchii 2 yoo lakkoofsisu, Daanii Olmoo fi Rooberti Lewandoskii galchiiwwan hafan lakkoofsisaniiru.   Vaasiil Kuseejii fi taphataan Baarseloonaa Rooberti Lewaandooskii Saliiviyaa Piraag ofirratti galchiiwwan lakkoofsisaniiru. Niwuukastil Yuunaayitid goolii Aroon wiisaa, Antoonii Gordanii fi Harvii Baarniis galchanii PSV Ayindihoveniin 3 fi 0’n injifateera. Juuventus Benefiikaan 2 fi 0’n, Atileetikoon Bilbaa’oo Atilaantaan 3 fi 2’n injifateera. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaan dhumaa torban itti aanu gaggeeffama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti
Jan 22, 2026 117
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii bara baajata bara 2018 gamaaggama raawwii karoora ji'a 6 magaalaa Naqamteetti gaggeessaa jira. Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan wayita sana akka jedhanitti, baroota darbe qabeenya bishaanii haala gaariin misoomsuun itti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa gaarii argamsiisaniiru.   Itiyoophiyaan kan hordoftu itti fayyadamaa fi bulchiinsi qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een hojii misoomaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma bishaan sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa qabatamaa hojjetteetti jedhan. Gama biraatiin ministeerichi misooma bishaan kuufamaa fi fooyya’iinsa jireenyaa naannoo gammoojjiitti hojiiwwan abdachiisaa ta’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru.   Qabeenya bishaaniin dabalatatti qabeenya anniisaa sirnaan adda baasuu fi hojiirra oolchuun itti fayyadamuu akka barbaachisu himaniiru. Waltajjii kana irratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, akkasumas Bulchiinsa magaalota lamaanii hirmaataniiru.
Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira
Jan 22, 2026 96
Amajjii 14/2018(ENA) – Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Godinichaa ibse. Waajjira Qonnaa Godina Wallaggaa Lixaatti Dursaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, Godinicha keessatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira.   Hojiilee bara darbe kunuunsa biyyee fi bishaaniif taasifame irraa qonnan bultoonni faayidaa qabatamaan waan arganiif, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiru jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniif bara darbe taasifameen lafti dhiqamee ture deebi’ee misoomeera jedhan.   Bara darbe hojii misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetaniin faayidaa argachuu eeruun, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiraachuu kan himan immoo qonnaan bulaa obbo Hambisaa Guddinaati. Lafti isaanii kanaan dura dhiqama biyyeef saaxilamee oomishaa fi oomishtummaan kan gadi bu’e ta’uu eeruun, amma garuu lafti isaanii damdamachuu himaniiru.   Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniin daagaa fi hojiiwwan eegumsa naannoo kan biroo hojjetaniin naannoo isaaniitti jijjiiramni qabatamaan argameera kan jedhan immoo qonnaan bulaa gara biroo obbo Kennasaa Ammumaa dha. Kanaafuu kunuunsa biyyee fi bishaanii misooma daagaa irratti qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Misoomni kunuunsa naannoon hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuuf faayidaa olaanaa qabu
Jan 16, 2026 146
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaatti hojiiwwan kunuunsa naannoo fi misooma magariisaan hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuu keessatti faayidaa olaanaa akka qaban ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa keessa hojjetan ibsan.   Sirni hundeeffama Waldaa Daa'immanii Heemaatooloojii fi Onkooloojii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sirna kana irratti ogeessonni fayyaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaatti misoomni kunuunsa naannoo fi misoomni magariisaa fayyaa namaa eeguuf, sochii ispoortii fi hariiroo hawaasaaf faayidaan isaan qaban olaanaa jedhan.   Awustiraaliyaatti ogeessa fayyaa kan ta’an doktar Biroonwin Maakinaamaaraa magaalaa Finfinneetti qulqullina naannoon,bakkeewwan magariisaa fi paarkota babal’isuun hojiin hojjetame magaalittiin kan duraarraa adda ta’uu ibsan. Keemikaalonnii fi pilaastikoonni rakkoo fayyaa geessisuu waan danda’aniif, faalama hambisuuf tattaaffiin adeemsifamaa jiru kan ajaa’ibsiifamu ta’uu himan. Hojiiwwan kunuunsa naannoo taasifame eegumsa fayyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan Yunivarsiitii Toroontootti piroofeesara kan ta’an Shiilaa Wayitzimaan.   Magariisnii fi naannoon qulqulluu eegumsa fayyaaf wantoota gargaaruu danda’an keessaa tokko ta’uu eeruun, dhibee dursanii ittisuun brabaachisaadha jedhan.   Daarektarri Piyuur Eerzi (Pure Earth) Baha Afrikaa Fireewu Kaffaaloo gama isaaniin waggoota hedduudhaaf kunuunsaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu himan.
Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera
Jan 15, 2026 155
Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse. Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera. Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera. Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru. Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru. Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru. Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera. Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru. Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16600
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1837
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015