Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti hojiiwwan dippilomaasii dantaa biyyaalessaa ishee eegsisu gaggeessaa jirti - Ministeera Dhimma Alaa
Apr 30, 2026 148
Ebla 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti barbaachisummaa ishee guddisuu fi dantaa biyyaalessaa ishee eegsisan hojii dippilomaasii gaggeessaa jirti jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo. Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachow sochii dippilomaasii yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kennaniin, pireesidaantonni Burundii, Laayibeeriyaa, Moozaambiikii fi Sudaan Kibbaa torbeewwan darban keessa daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti taasisan yaadachiisaniiru. Hoggantoonni kunneen hariiroo biyyoota gidduu jiru daran cimsuuf daawwannaa isaaniin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad (Dr.) waliin marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan muuxxannoo ishee waliif qooduuf waliigalteewwan biyyoota lamaanii mallatteessuun hubannoo namtolchee, qonna, turizimii, ashaaraa magariisaa fi dameewwan biroon guddina olaanaa galmeessitetti waliin hojjechuuf waliif mallatteessuu ishee eeraniiru. Haaluma kanaan, Daawwannaa Ministiroota Dhimma Alaa Poorchugaal, Baanglaadeesh fi Oostiriyaa fi Ergamaa addaa Chaayinaa gaanfa Afrikaatti taasisanis eeraniiru. Kunis ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti qabdu akka gaariitti kan calaqqisiisu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Gidiyoon Ximootiyoos daawwannaa Iswiidinii fi Noorweeyitti taasisaniin hoggantoota hojii mootummaa akkasumas hoji gaggeessitoota dhaabbatichaa waliin marii bu’a qabeessa taasisaniiru jedhan. Itiyoophiyaan hojii dippilomaasii daldalaa fi invastimantii keessattuu anniisaa haaromfamuu danda’u, teeknooloojii, turizimii fi dameewwan biroo irratti waliin hojjechuuf kan dandeessisu raawwachuu ishee ibsaniiru. Itiyoophiyaan pirezidaantummaa Mana Maree Nageenyaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa haala gaariin raawwachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan Galooo Galaana Hormuuz irratti ajandaa marii akka dhiheessite eeruun, akkasumas dhimmoota nageenya ardiilee biroo irrattis yaada ishee ibsiteetti. Hariiroon biyyoota lamaanii, biyyoota hedduu fi hojiin dippilomaasii Itiyoophiyaa dantaa biyyaalessaa ishee eegsisuun dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti fudhatamummaa ishee akka dabalu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Kenniinsi Tajaajila Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo fooyya’uun deddeebi’uurraa nu baraareera – Tajaajilamtoota
Apr 30, 2026 117
Ebla 22/2018(ENA): Tajaajilli Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo fooyya’uunsaa rakkoowwan deddeebi’uu irraa fi baasii hin barbaachisne irraa nu oolcheera jechuun tajaajilamtoonni ENA’n dubbise ibsan. Akka jiraatan Magaalichaa Shaambal Andu'aalam Garramaa ibsanitti, kanaan dura mana qopheessaa keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf guyyoota hedduu deddeebi’uun waan gaafatuuf qisaasama yeroo guddaatu nu mudata ture jedhan. Amma garuu, tajaajillichi hoj-maata si’ataa diriirseen, dhimma ijaaramanii lafa gaafachuuf dhufan yeroo gabaabaa keessatti akka raawwataniif dubbataniiru. Hoj-maanni mana qopheessichaa si’ataa fi ammayyaa’aa kan ta’e rakkoowwan kanaan duraa waan fureef, akka itti fufuus gaafataniiru. Aadde Warqinash Dheeressaa gama isaaniitiin, tajaajilli ammayyaa mana qopheessichaatti jalqabame dhimma kaartaa baafachuu itti dhufan yeroo gabaabaa keessatti akka xumuran kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru.   Jiraataan Magaalichaa biroon Yaadeessaa Bultumaa gama isaaniitiin, hoj-maata duraaniitiin ragaankee badeera jechuun tajaajilamaa rakkisuun akka ture yaadatanii, amma garuu tajaajilli waan fooyya’eef dhimma isaanii yeroo gabaabaatti raawwachuusaanii ibsaniiru. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo obbo Mul’isaa Fayyeeraa akka himanitti, tajaajila kennamu ammayyeessuun tajaajilamtoonni akka dafanii keessummeeffaman gochuuf hojiin humna namaa fi meeshaalee guutuu hojjetameera jedhani.   Tajaajila Mana Qopheessaa teeknolojiin deeggaruu fi deebisanii gurmeessuun , kanaan dura dhimma tokko raawwachiisuuf deddeebi’uun yeroo dheeraa fudhatu hambisuun, tajaajilamtoonni yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii akka xumuran taasifamuu isaa ibsaniiru.
​​​​​​​Naannoo Oromiyyatti ji’oota saglan darbanitti lammiilee miliyoona 2 caalaniif carraan hojii uumameera
Apr 30, 2026 154
Eebilaa 22/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaatti ji’oota saglan darban keessatti lammilee miliyoona 2 fi kuma 17 caalaniif carraan hojii adda addaa uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa beeksise. Itti Aanaan Hooganaa biirichaa Obbo Waasihuun Golgaa ENA’tti akka himanitti; biirichi bara kana carraa hojii itti fufinsa qabu uumuu, leenjii ogummaa dorgomaa isaan taasisu kennuu fi misooma kalaqaa fi tekinoolojii irratti bal’inaan hojjeteera. Haaluma kanaan bara kana naannichatti lammiilee miliyoona 2 fi kuma 720’f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru. Ji’oota saglan darbani hojii gama kanaan hojjetameen lammilee miliyoona 2 fi kuma 17 oliif carraa hojii uumuun danda’ameera jedhan. Kana keessaa lammileen miliyoonni 1 fi kuma 500 caalan waldaan kan gurmaa’aniif akkasumas lammilee kuma 400 oliif immoo qacarriin carraan hojii umameera jedhaiiru. Bara kana lammileef carraa hojii ogummaan durfamu uumuuf leenjiin dhawesummaa lammilee miliyoona 4 tuqaa 6 kennamuu eeranii; waliigalaan ogummaa daldalaa irratti lammilee miliyoona 2 tuqaa 6 oliif leenjiin gaggabaaban kan kenname ta’u himaniiru. Lammileef leenjiin kunneen erga kennameen booda gosa ogummaa isaan barbaadaniirratti akka gurmaa’anii hojjetan, bakkii itti hojjetanii fi liqaan akka mijatuuf taasifamuu ibsaniiru. Haaluma kanaan naannichatti bara kana ji’oota saglan darbanitti lammiilee carraan hojii uumameefis liqaan birrii biliyoona 23 ol kennamuu himaniiru. Lafti oomishaai fi gurguran heektaarri kumni 95 fi sheediwwan kumni 7 lammiilee carraan hojii uumameef dhihaachuus Obbo Waasihun ibsaniiru. Lammileen kunneen inisheetiviiwwaan adda addaa magaalaa fi baadiyyaatti mootummaan hojiirra oolchaa jiru irratti bali’anaan hirmaachaa jirachuus himaniiru. Inisheetiivoonni kunneenis misooma midhaanii, muduraa fi kuduraa, horsiisa sawwaan aannanii, furdisa loonii, misooma lukkuu foonii fi buuphaa fi kanneen biroon kan eeraman ta’uu dubbataniiru. Magaalaa keessatti immoo inisheetiviiwwaan industirii godoon lammiilee hedduuf carraan hojii bal’inaan uumamuu himaniiru. Ji’oota saglan darban naannichatti Industiriiwwan adda addaa kessattis carraan hojii hedduun lammiilee baay’eef uumamuu eeraniiru. Walitti hidhaminsi gabaas lammilee kanneeniif kan uumameef ta’uu himaniiru.
Yaala Aadaa kan Ammayyaa waliin qindeessuun hojiirra akka oolu gochuuf tattaaffii taasifamuuf gaheen hayyootaa olaanaadha
Apr 30, 2026 189
Ebla 22/2018(ENA) - Yaala aadaa fi kan ammayyaa waliin qindeessuun tajaajlilaaf oolchuuf taattaaffii taassifamu keessatti gumaachi hayyootaa olaanaa ta'uu isaa itti aanaan walitti qabaa boordii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa Piroofeesar Daani'eel Qixaawu ibsan. Konfiraansiin Idil-Addunyaa 6ffaan oomishaalee biqiltuu yaala aadaaf oolanii fi yaala fayyaa irratti xiyyeeffate Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaatti geggeeffameera. Piroofeesar Daani'eel Qixaawu wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan biqiltuu yaala aadaaf oolan hedduu qabaachuu ishee eeranii; yaala Aadaa Saayinsii yaala ammayyaa waliin qindeessuun tajaajila ummataaf oolchuun barbaachisaadha jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti gumaachi hayyoota damee kanaa olaanaa ta'uusaa eeruun, filannoo yaalaa bu'aa qabeessa fi nageenyi isaa eegame dhiyeessuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichi biqiltuu yaala aadaaf oolan qorannoon adda baasuurra darbee, gahumsaa fi qabiyyee isaan qaban qorannoon mirkaneessuu cimsanii itti fufuu akka qabanis hubachiisaniiru. Infeekshiinootaa fi dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf, biqiltuu dhimma kanaaf oolan irratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan qorannoo gaggeessuun akka cimu ibsameera. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknoolojii Adaamaa Doktar Lammii Guutaa gama isaaniiin; Yaala Aadaa Ammayyeessuu fi yaala ammayyaa waliin walitti makuuf haala danda'amu irratti, Yunivarsiitichi Hayyoota fi dhaabbilee damee kanaa biyya keessaa fi Idil-Addunyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.   Kanaan wal-qabatee Yunivarsiitichi Inistiitiyuutii Faarmaasiiyutikaalaa gurmeessuun, yaala aadaa irratti qorannoo itti fufsiisuuf galma qabatee hojjechaa jiraachuusaa ibsaniiru. Qorataan olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansan Piroofeesar Milkiyaas Indaalaa akka jedhanitti, konfiraansii kana irratti qorannoon biqiltuu farra-kaansarii fi farra-sukkaaraa ta'anii tajaajilan irratti gaggeeffamee fi qabiyyeen isaanii adda bahe ni dhiyaata. Waltajjichi biqiltuun yaala aadaaf oolan qorannoon adda bahanii fi gahumsi isaanii mirkanaa'ee gara oomishaatti haala itti ce’an agarsiisuuf kaayyoo akka qabu ibsaniiru. Wal’aantonni tajaajila yaala aadaa, qorattoonni, oomishtoonni fi to'attonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Jiraattonni magaalaa Finfinnee kaardii filannoo fudhachuuf tattaffiin olaanaa agarsiisan sirna dimokiraatawaa ijaaruuf kutannoo qabaniif ragaadha
Apr 29, 2026 1263
Ebla 21/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Finfinnee kaardii filannoo fudhachuuf quuqama olaanaa agarsiisan sirna dimokiraatawaa ijaaruuf kutannoo qabaniif ragaa ta’uu Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa ibseera. Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Finfinnee filannoo waliigalaa torbaffaa galmeen filattotaa xumuramuu ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kenneera. Walitti qabaan Mana Maree Waloo, obbo Maaruu Jaanee ibsa kana kan kennan yoo ta’u, Manni Maree Waloo kun dhimmoota siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa magaalattii irratti bulchiinsa magaalattii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Adeemsa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti Manni Marichaa jiraattota magaalaa Finfinneef karaa adda addaatiin kaardii filannoo akka argatan hubannoo uumuun akka hojjetamaa ture ibsaniiru. Filannoo kana ilaalchisee qaamota dhimmi ilaallatu waliin mariin bu’a qabeessa ta’e adeemsifamuus ibsaniiru. Galmeen filattotaa xumuruun jalqaba filannoo dha malee filannoon hin xumuramne waan ta’eef filannoo waliigalaa adeemsifamu irratti hirmaachuun gahee isaanii bahachuu aka qaban hawaasaaf dhaamaniiru. Filannoon kun milkaa’inaan akka xumuramu gochuuf Manni Marichaa gahee irraa eegamu akka ba’us mirkaneessaniiru. Itti aanaan Af-yaa’ii Mana Maree Waloo paartilee siyaasaa Zarihuun Kormee akka ibsanitti, Manni Marichaa filannoo haqa qabeessa, bilisaa fi nagaa akka ta’u gochuu keessatti gahee irraa eegamu ba’aa jira jedhani. Dhimmoota biyyaalessaa adda addaa irratti marii gaggeessuun hubannoo waloo uumaa akka jiru akeekaniiru. Filannoon biyyaalessaa torbaffaa milkaa’inaan akka xumuramuufis qindoomina Boordii Filannoo waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Filannoo kana keessatti hubannoo hawaasaa guddisuuf hojiin qindaa’een hojjetamaa akka jirus ibsaniiru. Dabalataanis Manni Marichaa milkaa’ina filannoo mirkaneessuu keessatti gahee isaa cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Hawaasummaa
Kenniinsi Tajaajila Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo fooyya’uun deddeebi’uurraa nu baraareera – Tajaajilamtoota
Apr 30, 2026 117
Ebla 22/2018(ENA): Tajaajilli Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo fooyya’uunsaa rakkoowwan deddeebi’uu irraa fi baasii hin barbaachisne irraa nu oolcheera jechuun tajaajilamtoonni ENA’n dubbise ibsan. Akka jiraatan Magaalichaa Shaambal Andu'aalam Garramaa ibsanitti, kanaan dura mana qopheessaa keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf guyyoota hedduu deddeebi’uun waan gaafatuuf qisaasama yeroo guddaatu nu mudata ture jedhan. Amma garuu, tajaajillichi hoj-maata si’ataa diriirseen, dhimma ijaaramanii lafa gaafachuuf dhufan yeroo gabaabaa keessatti akka raawwataniif dubbataniiru. Hoj-maanni mana qopheessichaa si’ataa fi ammayyaa’aa kan ta’e rakkoowwan kanaan duraa waan fureef, akka itti fufuus gaafataniiru. Aadde Warqinash Dheeressaa gama isaaniitiin, tajaajilli ammayyaa mana qopheessichaatti jalqabame dhimma kaartaa baafachuu itti dhufan yeroo gabaabaa keessatti akka xumuran kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru.   Jiraataan Magaalichaa biroon Yaadeessaa Bultumaa gama isaaniitiin, hoj-maata duraaniitiin ragaankee badeera jechuun tajaajilamaa rakkisuun akka ture yaadatanii, amma garuu tajaajilli waan fooyya’eef dhimma isaanii yeroo gabaabaatti raawwachuusaanii ibsaniiru. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo obbo Mul’isaa Fayyeeraa akka himanitti, tajaajila kennamu ammayyeessuun tajaajilamtoonni akka dafanii keessummeeffaman gochuuf hojiin humna namaa fi meeshaalee guutuu hojjetameera jedhani.   Tajaajila Mana Qopheessaa teeknolojiin deeggaruu fi deebisanii gurmeessuun , kanaan dura dhimma tokko raawwachiisuuf deddeebi’uun yeroo dheeraa fudhatu hambisuun, tajaajilamtoonni yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii akka xumuran taasifamuu isaa ibsaniiru.
Misoomni si’ataa Finfinneen agarsiisaa jirtuun bakka turizimii keessummoonni raajeffatan ishee taasisaa jira
Apr 29, 2026 402
Ebla 21/2018 (ENA)- Imalli guddina si’ataa Finfinnee magaalattiin wiirtuu taateewwan gurguddoo ardii fi idil addunyaa qofa osoo hin taane miidhaginaa fi hawata turizimiin keessummootashee kan dinqisiiftu ishee taasisaa jiraachuu komishiniin turizimii bulchiinsa magaalichaa beeksise. Borumtaa jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaatti Finfinnee akkuma maqaashee magaalaa miidhagduu fi sadarkaa idil addunyaatti dorgomtu gochuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessisaniiru. Magaalattii jireenyaaf mijattuu,qulqulluu fi hawattuu gochuun daandii lafoo, bishkileetii, konkolaataa dabalatee bakkeewwan bashannanaa magariisaa misooma kooriidaraan ijaaramaniiru. Damee turizimiitiin haaromsi masaraa biyyaalessaa, yaadannoon injifannoo Adwaa, pirojektoonni maaddii Shaggarii fi golambaan Saayinsii milkaa’inoota misoomaa bifa magaalattii jijjiiranidha. Bu’ura misoomaa fi miidhagina magaalaan hojii hojjetameen haaromsi gamoowwanii, ibsaan daandiirraa fi beeksifni dijitaalaa magaalattiif dammaqina uumaniiru. Milkaa’inni misoomaa kun Finfinnee wiirtuu tuurizimii biyya keessaa fi biyya alaa taasisaa jira.. Komishinariin komishinii turizimii bulchiinsa magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaa ENA’tti akka himanitti, hojiileen misoomaa Finfinneetti galmeeffaman magaalattii bakka hawataa ishee taasisaa jira. Bara bajataa 2018 baatii sagal darban baay’ina tuuristii biyya keessaa fi biyya alaa dabaluudhaan faayidaa dinagdee hedduu gumaachuusaa ibsaniiru. Fayyadama dinagdee lammiilee guddisuudhaan fayyadamni hawaasummaa fi dinagdee akka fooyya’u gochaa jiraachuu kaasaniiru. Hojiileen hojjetaman magaalaa Finfinnee wiirtuu konfaransii Ardii fi Idil addunyaa taasisaa akka jiru himaniiru. Keessummoonni taateewwan Ardii fi Idil addunyaarratti hirmaatan jijjiirama magaalattii daawwachuun bifa abdii ifaa Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru. Fakkeenyaaf baatii sagal darban qofa taateewwan Ardii fi Idil addunyaa 200 caalan milkaa’inaan keessummeessuun gama misooma konfaransii turizimiitiin milkaa’inni guddaan argamuu dubbataniiru.
Hojiileen Naannoo Hararii keessatti hirmaannaa fi qulqullina barnootaa irratti hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru
Apr 29, 2026 265
Ebla 21/2018 (ENA): Naannoo Harariitti dhaqqabummaa barnootaa babal’isuu fi qulqullina barnootaa fooyyessuuf hojiiwwan kallattii hedduun hojjetamaa jiran bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu Biiroon barnootaa naannichaa beeksise. Qaawwa sirna barnootaa keessatti mul’atu haala itti fufiinsa qabuun furuuf mootummaan hojiilee roga hedduu qaban kanneen misooma kaarikulamii irraa kaasee hanga dhiyeessii qabeenyaatti hojjetamaa jira. Barnoota qulqullina qabu mirkaneessuuf bu’uura barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa cimsuu, sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu, dhiyeessii qabeenya mirkaneessuu fi dandeettii barsiisotaa ijaaruu irratti xiyyeeffannaan addaa kennamaa jira. Akka Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii obbo Geetuu Nagawoo himanitti, hojiiwwan roga hedduun qaawwa damee barnootaa keessatti mul’atan suphuudhaaf hojjetamaa jiran qulqullina barnootaa fi hirmaannaa naannichaa irratti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru jedhani. Keessattuu hawaasa hirmaachisuun gandoota magaalaa fi baadiyyaa naannichaa hunda keessatti manneen barnootaa mana barumsaa duraa hanga kutaa 8tti ijaaramanii, daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahe mana akka hin oolle gochuun barnoota akka argatan taasisuun, hirmaannaan barnootaa naannichaas dhibbeentaa 94 irra ga’eera jedhan. Waajjirichi gama qulqullina barnootaa mirkaneessuun bajata mootummaan naannichaa ramadeen qabeenya barnootaa barbaachisu manneen barnootaaf dhiyeessuuf hojjechaa turuu eeraniiru. Madaalliin barsiisotaa qulqullina barnootaa fooyyessuuf sababoota keessaa tokko ta’uu kan eeran obbo Geetuun, qormaanni madaallii barsiisotaa bara kanaa toora interneetii (online) irratti kennameera jedhan. Qormaata kutaa 12ffaa, 8ffaa fi 6ffaa akka biyyaattis ta’e naannichatti kennamu irratti bu’aan barattootaa waggaa waggaan fooyya’aa akka dhufe eeruun, bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.   Hararitti daariktarri mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi giddugaleessaa Geey Madrasaa Usmaa’iil Ibraahim gama isaaniin akka himanitti, dhaqqabummaa fi qulqullina barnootaa mootummaan kaa’e irratti hundaa’uun hojiiwwan mootummaan hojirra oolchuu fi bu’aan galmaan ga’uu ibsaniiru.   Barattoonni naannichatti qormaata kutaa 6ffaa fi 8ffaa fudhachaa jiran ENAtti akka himanitti, Barsiisonni barnoota qohachisuu isaaniif kennuu fi gaaffii qormaataa qopheessuun isaan gargaaraa jiraachuun isaanii bu’aa fooyya’aa argachuuf gargaarsa guddaa akka isaaniif kenne dubbataniiru.   Barattoonni kunneenis qormaata irratti bu'aa gaarii galmeessisuuf ciminaan qophaa'aa akka jiran himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Diinagdee
​​​​​​​Naannoo Oromiyyatti ji’oota saglan darbanitti lammiilee miliyoona 2 caalaniif carraan hojii uumameera
Apr 30, 2026 154
Eebilaa 22/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaatti ji’oota saglan darban keessatti lammilee miliyoona 2 fi kuma 17 caalaniif carraan hojii adda addaa uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa beeksise. Itti Aanaan Hooganaa biirichaa Obbo Waasihuun Golgaa ENA’tti akka himanitti; biirichi bara kana carraa hojii itti fufinsa qabu uumuu, leenjii ogummaa dorgomaa isaan taasisu kennuu fi misooma kalaqaa fi tekinoolojii irratti bal’inaan hojjeteera. Haaluma kanaan bara kana naannichatti lammiilee miliyoona 2 fi kuma 720’f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru. Ji’oota saglan darbani hojii gama kanaan hojjetameen lammilee miliyoona 2 fi kuma 17 oliif carraa hojii uumuun danda’ameera jedhan. Kana keessaa lammileen miliyoonni 1 fi kuma 500 caalan waldaan kan gurmaa’aniif akkasumas lammilee kuma 400 oliif immoo qacarriin carraan hojii umameera jedhaiiru. Bara kana lammileef carraa hojii ogummaan durfamu uumuuf leenjiin dhawesummaa lammilee miliyoona 4 tuqaa 6 kennamuu eeranii; waliigalaan ogummaa daldalaa irratti lammilee miliyoona 2 tuqaa 6 oliif leenjiin gaggabaaban kan kenname ta’u himaniiru. Lammileef leenjiin kunneen erga kennameen booda gosa ogummaa isaan barbaadaniirratti akka gurmaa’anii hojjetan, bakkii itti hojjetanii fi liqaan akka mijatuuf taasifamuu ibsaniiru. Haaluma kanaan naannichatti bara kana ji’oota saglan darbanitti lammiilee carraan hojii uumameefis liqaan birrii biliyoona 23 ol kennamuu himaniiru. Lafti oomishaai fi gurguran heektaarri kumni 95 fi sheediwwan kumni 7 lammiilee carraan hojii uumameef dhihaachuus Obbo Waasihun ibsaniiru. Lammileen kunneen inisheetiviiwwaan adda addaa magaalaa fi baadiyyaatti mootummaan hojiirra oolchaa jiru irratti bali’anaan hirmaachaa jirachuus himaniiru. Inisheetiivoonni kunneenis misooma midhaanii, muduraa fi kuduraa, horsiisa sawwaan aannanii, furdisa loonii, misooma lukkuu foonii fi buuphaa fi kanneen biroon kan eeraman ta’uu dubbataniiru. Magaalaa keessatti immoo inisheetiviiwwaan industirii godoon lammiilee hedduuf carraan hojii bal’inaan uumamuu himaniiru. Ji’oota saglan darban naannichatti Industiriiwwan adda addaa kessattis carraan hojii hedduun lammiilee baay’eef uumamuu eeraniiru. Walitti hidhaminsi gabaas lammilee kanneeniif kan uumameef ta’uu himaniiru.
Tajaajilli geejjibaa gara idileetti akka deebi'u beeksisuu ilaallata.
Apr 29, 2026 1143
Waldhabdeen Baha Giddu Galeessaa keessatti mudate gabaa boba’aa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa kan geessise yoo ta’u, gatiin boba’aa akka ol ka’uu fi dhiyeessiin akka addaan citu taasiseera. Kunis dhiyeessii naafxaa Itiyoophiyaa guyyaatti liitira miiliyoona 9 irraa gara liitira miiliyoona 4.5tti gadi buusuun tajaajila geejjibaa irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Mootummaan rakkoo kana saffisaan furuuf tarkaanfiiwwan ariifachiisaa fi itti fufiinsa qaban hedduu kan fudhate yoo ta’u, kunis riifoormii taarifaa, bulchiinsa dhiyeessii cancala fooyyessuu, qindoomina loojistikii cimsuu dabalata. Kunis kallattii imaammata mootummaan tasgabbii dinagdee biyya keessaa eeguun faayidaa ummataaf dursa kennuu fi dhiibbaan alaa jiraatus tajaajilli mootummaa akka hin jeeqamne taasisuu kan calaqqisiisudha. Har’a Ebla 21, 2018 dhiyeessiin boba’aa gara idileetti deebi’uu Ministeerri Maallaqaa ifatti beeksiseera. Kunis dhiibbaa damee geejjibaa keessatti mudatu saffisaan furuuf kan dandeessisu ta’a. Kanaafuu, hooggantoonni seektaraa fi qooda fudhattoonni Finfinnee irraa kaasee hanga naannolee jiran hundi raawwii taarifa kanaa haala murtaa’een ciminaan akka hordofan, akkasumas hojiirra oolmaa isaa karaa task force walootiin akka mirkaneessu, rakkoon tajaajila geejjibaa sababa hanqina boba’aa mudateen guutummaan guutuutti har’a irraa eegalee furmaata argachuu akka danda’uuf dhaamna. Mootummaan tasgabbii jireenya hawaasaa mirkaneessuu, itti fufiinsa sochii diinagdee eeguu, tajaajila geejjibaa haala itti fufiinsa qabuun cimsuuf kutannoo qabu itti fufa. Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Maamiltoota humna elektiriikii haaraa argachuu barbaadaniif hojmaanni kafaltii yeroo dheeraan fayyadamaa isaan taasisu ifoome
Apr 29, 2026 709
Ebla 21/2018(ENA)-Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa, maamiltoota humna elektiriikii haaraa argachuu barbaadaniif hojmaata kafaltii yeroo dheeraan fayyadamaa isaan taasisu ifoomseera. Hojii gaggeessaan maarkeetiingii gurgurtaa fi tajaajila maamiltootaa obbo Isayaas Dandir, sirna hojmaataa kaffaltii haaraa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniinis,Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa qulqullina tajaajila maamiltootaa fi dhaqqabamummaasaa mirkaneessuuf sirna hojmaata ammayyaa hojiirra oolchaa akka jiru himaniiru. Hojiiwwan qulqullina tajaajilaa fi dhaqqabamummaasa babal'isuuf hojjetaman, baay'ina maamiltootaa dabaluu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Sirni tajaajilaa haaraan kun Maamiltoota Elektirikii barbaadanii fi yeroo tokkoon kaffaluu hin dandeenye fayyadamoo kan taasisu ta’uu beeksisaniiru. Sirni kun, maamiltoonni lakkooftuu elektirikii haaraa barbaadan hundi rakkoo mallaqaan akka hin hafne yaadamee kan qophaaye ta'uu himaniiru. Rakkoo kaffaltii tajaajila haaraa furuuf, hanga ji'a 24 (waggaa lama) kan turu sirni kaffaltii yeroo dheeraa hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Maamiltoonni kaffaltii kana kaffaltii tajaajilaa baatii baatiin kaffalanitti ida’uun kaffaluu akka danda'an dubbataniiru. Sirnichi maamiltoota kaffaltii guutuu yeroo tokkoon kaffaluu hin dandeenye fi rakkoo kaffaltii qabaniif furmaata kennuuf kan karoorfame ta'uu ibsaniiru. Fayyadamoo sirna kaffaltii yeroo dheeraa ta’uuf Iyyannoo dhiyeeffachuu, Kaffaltii dursaa (Advance payment) harka kudhan (10%) kaffaluu, Kaffaltii baatii baatii hafe waliigaltee mallatteessuun raawwachuu fi waliigaltee sana kabajuuf fedhii qabaachuu fi ulaagaalee kana fakkaatan of keessaa akka qabu dubbataniiru. Hojiirra oolchi kun maamiltoota lakkooftuu elektiriikaa sarara baaqqee "single phase" barbaadan hundaaf kan hojjetu ta'uu beeksisaniiru.
Godina Jimmaatti lafa heektaara kuma 883 irratti hojiin midhaan adda addaa misoomsuun eegalameera
Apr 29, 2026 330
Ebla 21/2018 (ENA): Waajjirri Qonna godina Jimmaa hojii qonna Ganna bara 2018/19tti lafa heektaara kuma 883 irratti midhaan adda addaa misoomsuun, omisha kuntaala miiliyoona 36 argachuuf karoorfatee hojiitti galuu beeksise.   Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Tijaanii Tamaam ENAtti akka himanitti, oomishaa fi itti fufiinsa guddisuuf qonna godinichaa babal’isuu fi ammayyeessuun xiyyeeffannoon kennamee hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamaa jira jedhani. Hanga ammaatti lafa waliigalaa keessaa dhibbentaan 13 qotamee boqqolloo fi bishingaan facaafamuu himaniiru. Galteewwan yeroo oomishaaf barbaachisan qonnaan bultootaaf yeroon dhiyaachaa akka jiran eeruun, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala kuma 780 ol galfamee qonnaan bultootaaf raabsamuu eeraniiru. Sanyiin filatamaa kuntaala kuma 21 ta’u kennamaa akka jirus eeruun, galteewwan yeroodhaan dhiyeessuun hojii midhaan facaasuu yeroodhaan akka raawwatamuuf gargaareera jedhan.   Akkasumas, rooba Gannaa fayyadamuun xaafii fi ruuzii dabalatee gosoota midhaan biroo akka facaafaman ibsaniiru. Jijjiirama kanaan booda qonna ammayyeessuuf qonnaan bultoota aanaalee Godinichaa 20 keessatti tiraaktaroota kuma 1 fi 426 kennuunis beeksisaniiru. Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti qonnaan bultoonni Muhaammad Abbaaboor fi Muhaammad Nuur Abbaatamaam dursanii galtee qonnaa barbaachisoo fudhachuun lafa isaanii sanyii facaasuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Deeggarsa ogummaa ogeeyyii qonnaa irraa argachaa akka jiran kan eeran yoo ta’u, omisha bara darberraa fooyya’aa ta’e aragachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Godinichatti bara omisha Gannaa kanaan qonnaan bultoonni 420,000 ol qonna kanarratti akka hirmaatan ibsameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Yaala Aadaa kan Ammayyaa waliin qindeessuun hojiirra akka oolu gochuuf tattaaffii taasifamuuf gaheen hayyootaa olaanaadha
Apr 30, 2026 189
Ebla 22/2018(ENA) - Yaala aadaa fi kan ammayyaa waliin qindeessuun tajaajlilaaf oolchuuf taattaaffii taassifamu keessatti gumaachi hayyootaa olaanaa ta'uu isaa itti aanaan walitti qabaa boordii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa Piroofeesar Daani'eel Qixaawu ibsan. Konfiraansiin Idil-Addunyaa 6ffaan oomishaalee biqiltuu yaala aadaaf oolanii fi yaala fayyaa irratti xiyyeeffate Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaatti geggeeffameera. Piroofeesar Daani'eel Qixaawu wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan biqiltuu yaala aadaaf oolan hedduu qabaachuu ishee eeranii; yaala Aadaa Saayinsii yaala ammayyaa waliin qindeessuun tajaajila ummataaf oolchuun barbaachisaadha jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti gumaachi hayyoota damee kanaa olaanaa ta'uusaa eeruun, filannoo yaalaa bu'aa qabeessa fi nageenyi isaa eegame dhiyeessuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichi biqiltuu yaala aadaaf oolan qorannoon adda baasuurra darbee, gahumsaa fi qabiyyee isaan qaban qorannoon mirkaneessuu cimsanii itti fufuu akka qabanis hubachiisaniiru. Infeekshiinootaa fi dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf, biqiltuu dhimma kanaaf oolan irratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan qorannoo gaggeessuun akka cimu ibsameera. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknoolojii Adaamaa Doktar Lammii Guutaa gama isaaniiin; Yaala Aadaa Ammayyeessuu fi yaala ammayyaa waliin walitti makuuf haala danda'amu irratti, Yunivarsiitichi Hayyoota fi dhaabbilee damee kanaa biyya keessaa fi Idil-Addunyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.   Kanaan wal-qabatee Yunivarsiitichi Inistiitiyuutii Faarmaasiiyutikaalaa gurmeessuun, yaala aadaa irratti qorannoo itti fufsiisuuf galma qabatee hojjechaa jiraachuusaa ibsaniiru. Qorataan olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansan Piroofeesar Milkiyaas Indaalaa akka jedhanitti, konfiraansii kana irratti qorannoon biqiltuu farra-kaansarii fi farra-sukkaaraa ta'anii tajaajilan irratti gaggeeffamee fi qabiyyeen isaanii adda bahe ni dhiyaata. Waltajjichi biqiltuun yaala aadaaf oolan qorannoon adda bahanii fi gahumsi isaanii mirkanaa'ee gara oomishaatti haala itti ce’an agarsiisuuf kaayyoo akka qabu ibsaniiru. Wal’aantonni tajaajila yaala aadaa, qorattoonni, oomishtoonni fi to'attonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru.
tiyoophiyaan Sirna Eegumsa Mirga Abbummaa Kalaqaa madaallii Sadarkaa Idil-Addunyaan wal simsiisuuf Fooyya'insa Seeraa Haaraa taasisaa jirti
Apr 29, 2026 738
Ebla 21/2018(ENA): Abbaan Taayitaa Eegumsa Abbummaa kalaqa Sammuu Itiyoophiyaa, Ulaagaa madaallii Idil-Addunyaa waliin wal-simsiisuuf fooyya'insa seeraa haaraa taasisaa akka jiru beeksisera. Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Walduu Yimasil akka ENA’f ibsanitti, namoota abbummaan kalaqaa isaanii akka eegamuuf gaafatanif tajaajilli kennamaa jira. Eegumsa Abbummaa kalaqaa ammayyeessuuf, hoj-maata ammayyaa’aa fi hammattoo seeraa qopheessuun hojiirra oolchuun danda'amuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, seera waggaa dheeraa turan fooyyessuun sirna hojii yeroo ammaa waliin deemu uumuun danda'amuu ibsaniiru. Hammattoowwan seeraa fi hoj-maanni kunniin mirga Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa eeguuf gargaaraa jiru. Sirni eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa, Dhaabbata Daldala Addunyaa dabalatee Dhaabbilee Idil-Addunyaa waliin walitti hidhata uumaa jiraachuu ibsaniiru. Eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sadarkaa Idil-Addunyaatti fiduuf fooyya'iinsi seeraa haaraa taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru. Fooyya'insi sirna hojii fi seeraa kun mirga Abbummaa kalaqaa sammuu mirkaneessuun gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Kana malees, dandeettii ogeessotaa guddisuun qulqullinaa fi dhaqqabamummaan tajaajilichaa akka mirkanaa'u hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Waggoota darban dameelee adda addaan mirgi Abbummaa Kalaqa sammuu kuma 3 hin caalle kennamaa ture, amma garuu waggaatti galmee kuma 9 ta'uuf kennamuu kan dandeessisu jalqabameera jedhaniiru. Itiyoo-Aliyaansi Advokeesiitti (Ethio-Alliance Advocacy), Daayrektarri abbummaa kalaqa Sammuu fi Hariiroo Idil-Addunyaa, Doktar Tigisti Dasuu gamasaaniin, fooyya'iinsi seeraa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sirna hojii ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Bu'a qabeessummaa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tumsa dhaabbilee Idil-Addunyaa caalaatti cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Fuuldurattis seerota fooyyessuu fi dandeettii ogeessotaa cimsuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha
Apr 24, 2026 264
Ebla 16/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa (AI) fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa (Champion) ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha jedhan mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa adde Itsagannat Mangistuu.   Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamtaa Afriikaatti gaggeessaa hubannoo namtolchee (AI) fi damee fayyaa dijitaalaa ta’uun muudamaniiru. Muudamni kun ministirri muummee hoggansa damee Kanaan agarsiisanii fi Itiyoophiyaan Ardichatti hubannoo namtolchee fi hojiilee kalaqaa babal’isuuf qooda olaanaa bahachaa jirtuuf beekamtii kenname ta’uun ibsameera. Muudamni kun Itiyoophiyaan qajeelfamoota naamusaa teekinooloojii hubannoo namtolchee karaa hordofeen misoomsuun, qo’achuun akkasumas hojiirra oolchuun Afriikaarraa adda duree akka taatu hojiilee hojjetamaniif beekamtii kan kennedha jechuun ibseera inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa. Kun ammoo tumsi ardii kan itti uumamu akkasumas damee kanaaf humna dabalataa akka ta’u inistiitiyuutichi beeksiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa Itsagannat Mangistuu ENA’f akka ibsanitti, muudamni ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddaa kan nama gammachiisuu fi hojii caalaaf kan nama kakaasudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan kan kaleessaa qorattee, haala qabatamaa har’aa hubattee kan boruu ammoo hubannoo namtolcheen (AI) dhaan beekumsarratti hundooftee raaguuf hojiin eegalte beekamtii agarsiisuurratti akka argamu beeksisaniiru. Muudamni Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif kenname bu’aa kaka’umsa mootummaan kalaqaa fi kutannoo teeknooloojiif qabu ta’uu ibsaniiru.   Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa kan hundeeffame yeroo gabaaba ta’us bu’aan inni galmeesse bu’aa dhamaatii yeroo har’aa badhaasaaf isa ga’e ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee hubannoo nam-tolcheen biyya Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu kan ishee taasisu, hojiilee qabatamaa hedduu raawwachaa akka jirtu dubbataniiru. Bu’aaleen teeknooloojii dhaabbatichi maddisiisu hedduun, dhaabbileen akka amala isaaniitti fudhatanii hojii irra oolchuu qabu jedhaniiru. Yeroo ammaa dhaabbiileen hubannoo nam-tolcheen deeggaramanii hojjechuun bu’aa argamsiisaa akka jiran dubbataniiru. Manneen murtii keessatti adeemsa dhimmootaa saffisiisuufi bu’a-qabeessummaa fiduu keessatti hubannoon nam-tolcheen gahee olaanaa taphachaa jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Teekinooloojichi nageenyaafi tas-gabbii biyyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jirus itti dabaluun beeksisaniiru. Dura teessuun koree dhaabbataa akka ibsanitti, beekamtii Itiyoophiyaan argatte hojii caaluuf kaka’umsa kan uumu ta’uusaa ibsanii, fuuldurattis hojiilee kalaqaa haaraa dabalaluudhaan imalichi cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA  
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 310
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan.   Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 225
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan.   Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17371
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2772
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015