Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan bu'aa guddaa galmeessisuun gara badhaadhina olaanaatti ce'aa jirti - Itti aanaa ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Sep 6, 2026 170
Qaammee 1/2018 (ENA): Itiyoophiyaan bu’aa guddaa galmeessisuun gara badhaadhina olaanaatti ce’aa jirti jedhan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itiyoophiyaan imala jijjiiramaa fi badhaadhina hunda galeessa damee hundaan eegalte cimsuun hirkattummaa irraa gara oomishtuutti cimtee ce’aa akka jirtus ibsaniiru. Har'a Qaammee 1, 2018 "Guyyaan Omishtummaa" mata duree "Olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira. Sagantaa kana irratti itti aanaan ministeera muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, hoggantoota olaanoo mootummaa, dhaabbilee michuu fi bakka bu’oota damee dhuunfaa waliin argamaniiru. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa akka himanitti, Riifoormii dinagdee Gooroo fi tarkaanfiiwwan ammayyeessuun sirna faayinaansii waggoota darban hojiirra oolan bu’uura diinagdee cimsaniiru jedhani. Hojiiwwan wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti bu’aa guddaa galmeessisuu ibsaniiru. Dameelee hedduu irratti hojiin bu’aa qabatamaan argamuu himaniiru. Haaluma kanaan, foon, ruuzii, boqqolloo, aannaniifi midhaan biroo irratti fi qonna kilaastariitiin bu’aan galmaa’e dandeettiin omisha nyaataa Itiyoophiyaa akka dabalu taasisuu ibsaniiru. Sochiin maanufaakchariingii fi agiroo-industirii Itiyoophiyaa fi paarkiiwwan indaastirii keessatti oomishaalee biyya alaa oomisha biyya keessaatiin bakka buusuun, Itiyoophiyaa fayyadamaa irraa gara diinagdee oomishtuu fi dorgomaa ta’etti jijjiira jedhaniiru. Qabeenya uumamaa gara dinagdee gatii olaanaatti jijjiiruun damee albuudaa keessatti sona dabalataatiin carraan al-ergii haaraa uumamuu ibsaniiru. Teknooloojiin haalli kaffaltii gibiraa iftoomina uumuu himaniiru. Gara fuula duraattis kenniinsa tajaajilaa malaammaltummaa irraa bilisa gochuun hojiin hojjetamu akka itti fufu ibsaniiru. Kenniinsa tajaajilaa malaammaltummaa fi malaammaltummaa irraa bilisa taasisuuf adeemsa dijiitaala gochuun barbaachisaa ta’uus cimsanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan jijjiiramaa jiraachuu eeruun, gara badhaadhina olaanaatti tarkaanfachaa akka jirtu kan himan yoo ta’u, Itiyoophiyaanota, michoota Itiyoophiyaa damee misooma Itiyoophiyaa kanarratti halkanii guyyaa hirmaachuun hojjetan hunda galateeffataniiru. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Guddina Qonna Oromiyaa  Waggoottan Jijjiiramaan booda
Sep 6, 2026 222
Qonni bu'uura jireenya hawaasaa fi madda nyaataa, dinagdee, akkasumas madda galii guddaa dha. Biyya keenya Itoophiyaatti Qonni wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee dinagdee damdaneessa ijaaruun birmadummaa biyyaa bu’uuressaa jira. Qonni keenya baroota dheeraaf gatiittii Qotiyyoo qofa irratti rarra'aa turuun oomishni argamaa ture maraammartoo hiyyummaa biyya keenyarra dheeressuus barii jijjiiramaa irraa kaasee Mootummaan harqota garbummaa jalatti dhaloota hidhee jiraachisaa kan ture cabsuun tarkaanfii damee Qonnaa gatiittii Qotiyyoorraa gara Tiraakteraa, jireenya harkaa gara afaanii irraa gara wabii nyaataa mirkaneessuun birmadummaa biyyaatti ceesisuuf kutannoon hojii eegaleen injifannoon galmaa’aa dhufe boqonnaa haaraa saaqeera. Boqonnaa haaraa kanaanis qonna tirannaarraa gara utaalchootti ceesisuun ilaacha harkaa gara afaanii cabsuun wabii nyaataa mirkaneessuurraa hanga gabaa biyya alaatti dorgomanii moo’achuutti hojjetamaa jira. Mootummaan Damee Qonnaaf xiyyeeffannoo kennee keessa qonnaa akka utubaa dinagdee biyyattiitti fudhachuun xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa tureera. Keessattuu, guddina dinagdee qonnaan durfamu mirkaneessuuf hojiiwwan kanaan dura hin baratamne irratti hojjeteera. Bu’aawwan Gama Qonnaan argame Ragaa BQO irraa arganne isinif dhiyeessineerra. Galma wabii nyaataa mirkaneessuuf qabameen kanaan dura biyyi keenya qamadii fi midhaan deeggarsaan argamu irratti hirkattee kan turte yoo ta’u omishaa fi omishtummaa guddisuuf hojjetameen,Oomisha Midhaanii roobaan Lafa misoomuun bara 2011 hekt. Mil. 6.1 irra ture; bara 2018 gara hekt. Mil. 11.1tti ol-guddachuun giddu-galeessaan waggaatti dhibbeentaa 10%’n guddina agarsiisuu odeeffannoon Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa irraa arganne ni mul’isa. Oomisha argameen bara 2011 kuntaala Mil. 175.1 irra ture; bara 2018titti kuntaala Mil. 343.4tti guddachuun oomisha dachaan dabaluun danda’ameera. Kunis, giddu galeessaan dhibbeentaa 12 wagga waggaan dabalaa dhufuu agarsiisa. Galma Oomishaalee qonnaa alaa galan bakka buusuuf qabameen Misooma Qamadii Roobaan: Biyye keenya Itiyoophiyaan yeroo dheeraaf qamadii alaa galurratti hirkatee kan turte hanbisuun omisha biyya keessaan bakka buusuuf hojii hojjetameen xiyyeeffannoon misooma Qamadiif kennameera.kanaanis misoomni qamadii Lafaaan bara oomisha 2010/11 lafa hekt. Mil. 1.17 irra kan ture ture bara 2017/18 hekt. Mil. 3.17tti guddisuun danda’ameera jedha ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa.   Oomishaan bara 2010/11tti kunt. Mil. 40.6 irra kan ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil 109.5tti guddateera. Kunis, baroota jijjiiramaatti giddugaleessaan 15% guddina argamsiisee jira. Misooma Qamadii Bonaan: Omishaa fi omishtummaa guddisuun hirkattummaa roobaa qofaan galma ga’uun kan hin danda’amne ta’uun hubatamee misooma jallisiif xiyyeeffannoon kennameera.Kanaanis: Lafaan bara oomisha 2012 tti lafa hekt. Mil. 0.01 irra kan ture; bara 2018 hekt. Mil. 3.4tti guddateera. Oomishaan bara 2012tti kunt. Mil. 0.3 irra ture; bara 2017 gara kunt. Mil 120.5tti kan guddateeera.bara 2018 immoo lafa faca’erraa kunt. Mil. 163 argachuuf hojjetamaa tureera,Kunis, baroota jijjiiramaatti giddu galeessaan lafa misoomuun 180%; oomishaan 236% guddina argamsiisee jira. Milkaa’ina argameenis Qamadii kadhachuurraa bahuun oomisha qamadiitiin of danda’uu bira dabarree gara biyya alaatti erguutti ceenee jirra. Kanaanis, Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun, gara birmadummaa biyyaaleessaa guutuu ta’etti ce'uuf kan dandeessisu jijjiirama qabatamaa fiduu eegalameerra.   Biyyi keenya Itoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuu ajandaa ishee isa hangafaa godhattee hojjachaa turteetti. Kanaanis, sosochii hirkatummaa irraa gara omishtummaatti jedhu taasifneen kabaja qamadiin dhabne qamadiin deeffachuun Itoophiyaa kadhaa qamadii irraa adda baasuun Afrikaa keessatti fakkeenya birmaduu hiree ofii ofiin murteeffattu ta’uu dandeesseetti. Wabii nyaataan of-danda’uun dameewwan misoomaa hundaan yoo hojjetame ta’uun hubatamee inisheetivoota adda addaa hojiirra oolchuun hojiitti seenamee bu’aan boonsaan galmaa’aa jira. Misooma Garbuu Biqila Biiraa: Lafaan Bara oomisha 2010/11 lafa hekt. 95,000 irra ture bara 2017/18 hekt. Kuma 519tti, guddatee jira . haaluma wal fakkaatuun ,Oomishaan bara 2010/11tti kunt. Mil. 3.1 irra ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil. 20.7tti guddateera. Kunis, baroota jijjiiramaatti lafa misoomuufi oomisha argameen gidduu galessaan 27% guddina argamsiisee jira. Kan alaa gala tures gutummaatti hambisuun danda’ameera. Misooma Ruuzii: Inisheetivoota hojiirra oolanii bu’aa olaanaa galmeessisan keessaa misoomni Ruuzii tokko yoo ta’u , baroota jijiiramaa keessa bal’inaan hojiitti seenameera. Lafaan barara oomisha 2010/11 lafa hekt. 10,000 irra ture bara 2017/18 hekt. Mil. 1.280tti, guddateera. Oomishaan bara 2010/11tti kunt. Mil. 0.416 irra ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil. 50tti guddateera. Kunis, baroota jijjiiramaatti lafa misoomuun 99 fi oomisha argameen gidduugaleessaan 98% guddina argamsiisee jira. Galma Oomishaalee al-ergee: Omishaalee Al-ergee baayyinaa fi qulqullinaan misoomsuun galii sharafa alaa guddisuurratti qabame milkeessuuf: Oomishaalee Atar boonsituu, Boloqqee, Saalixii, Maashoo fi looziitiin bara jijjiirama dura waliigalaan Lafa misoomuun hektaara kuma282,500 irraa gara hektaara 3,107, 300 tti guddateera. Oomishaan kuntaala 3,912,000 irra gara kuntaala40,802,000tti guddisuun danda’ameera. Misooma Bunaa: Al-ergii bunaarraa sharafni alaa argamu diinagdee biyyattii gargaara. Dorgommiin qulqullina bunaa akka Cup of Excellence qonnaan bultootaaf gatii olaanaa argamsiisaa jira. Xiyyeeffannoo dame kanaaf kennameen jijjiiramni ol’aanaan galmaa’eera. Biqiltuu bunaa dhaabbatu miliyoona 908 irraa gara Biliyoona 2.434tti, Oomisha argame kuntaala Miliyoona 6.48 irraa gara miliyoona 16.9tti Biqiltuun dhaabbatu waggaatti giddu-galeessaan 18%n , oomishni argamuun 15%n guddateera Misooma Baala shayee : Misoomni kun haala qilleensaa fi biyyeen wal qabatee baayyinaan lixa fi kibba lixa Oromiyaa keessatti babal'achaa jira: Godina Iluu Abbaa Boor: Bakka itti dhiyeenyaan bal'inaan jalqabamee fi muuxannoo gaariin itti mul'ate dha. Godina Jimmaa: Aanaalee akka Gommaa, Maannaa, Saqqaa Coqorsaa, fi Shabee Somboo keessatti qonnaan bultootaa fi dargaggoonni gurmaa'anii irratti hirmaachaa jiru. Kanaanis misoomicharratti jijiiramni guddaan mul’achaa jira. Lafa irratti misoomeen hektaara kuma 1.1 irraa gara hekt. Kuma 2.7tti Misooma Muduraa waliigalaan : Itoophiyaa keessatti, keessattuu inisheetivii "Ashaaraa Magariisaa" fi tarsiimoowwan qonna ammayyaatiin deeggaramee, wabii nyaataa mirkaneessuu fi galii maatii qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetamaa jira. Lafa irratti misoomeen hektaara kuma 49.9 irraa gara hekt. Kuma 631.4tti guddatee jira. Oomisha argame kuntaala Miliyoona 5.4 irraa gara miliyoona 27.3tti Uwwisni lafaa waggaatti giddu-galeessaan +53%’n, oomishni +31%’n guddateera. Xumura Galma Wabii nyaataa mirkaneessuutiin Oomishaa fi oomishitummaan midhaan nyaataa walumaagalaa giddu-galeessaan dhibbeentaa 12%’n saffisa fooyya’aa ta’een guddataa dhufera. Omisha Qamadii Jallisii Bonaa: Inni kun xiyyeeffannoo guddaa kennameen, hanqina qamadii biyya keessaa mirkaneessuu fi alatti erguu irratti hojjetameera. Haaluma Kanaan gargaarsa qamadii alaa eeggachuu irra gara of danda'uutti ce'uun danda'ameera. Qonnaan/horsiisee bultoonni qonna hirkatummaa roobaa jalaa ba’uun, jallisii fayyadamanii waggaatti si'a lamaa fi isaa ol omishuu akka danda'an hubannoon uumameera. Kanaanis oomishni qamadii jallisiin oomishamuu saffisa baay’ee olaanaa ta’een dhibbeentaa 236%’n guddateera. Mala kilaasteraan sanyii filatamaa fi xaa'oo wal-fakkaataa akka fayyadaman, akkasumas makanizeshinii (tiraaktaraa fi kombaayinara) fayyadamuun oomishuun omishtummaa hektaara tokko irraa argamu dabaleera. Tiraaktaroonni fi maashinaroonni qonnaa hedduun gara biyya keessaa akka galan ta'uun, hojiin qonnaa dadhabbiin isaa akka hir'atu taasiseera. Akkasumas Qonnaan bultoonni humna namaa fi horii irra gara maashinaroota ammayyaatti akka ce'an taasisuun danda’ameera. Haaluma kanaan dhiyeessii tiraakteraa gidduu galeessan 17% fi dhiyeessiin kombaayinera midhaan haamuu giddu galeessaan 15 dabalaa kan dhufee yeroo ta’uu, qonni humna namaa fi horii irraa gara maashinariitti ce'uuf sochiin jiru gaarii ta'uu agarsiisa. Sagantaa Maaddii guutuun: Omishoota akka foonii, hanqaaquu, dammaa, fi Aannannii irratti xiyyeeffachuun nyaata madaalawaa mirkaneessuu fi galii maatii dabaluu. Uuummatni biyyattii fi naannichaa akka argatu taassifameera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Omishaaleen biyya keessaa badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu'uura kaa'eera – Hayyoota
Sep 6, 2026 161
Qaammee 1/2018 (ENA): Omishaaleen biyya keessaa badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu'uura kan kaa’e ta’uu hayyoonni Yuunivarsiitii Madda Walaabuu ibsaniiru. Har'a Qaammee 1, 2018, mata duree "Guyyaa Omishtummaa" jedhuun sagantaalee adda addaatiin akka biyyaatti kabajamaa jira. Sagantaan kun bu’aawwan qabatamaa Itiyoophiyaan gama hedduun galmeessiftee fi jijjiirama caasaa damee qonnaa, bu’uuraalee misoomaa, industirii fi dijiitaalaa agarsiisuu, akkasumas guddina ishee itti fufsiisuuf kan kaayyeffatedha. Turtii hayyoonni Yunivarsiitii Madda Walaabuu ENA waliin taasisan haaromsi dinagdee fi jijjiiramni caasaa guddina biyyaalessaa galmaan ga’uuf taasifame misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura kaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Deenii fi Qorataan Kolleejjii Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Yunivarsiitichaa Dr. Darajjee Darsoo akka jedhanitti, dameen qonnaa qonnaan bultootaaf wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hin taane gabaa tasgabbeessuu keessatti bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraara. Keessattuu filannoo bishaanii fayyadamuun qonna waggaa guutuu misoomsuun kan danda’ame ta’uu ibsaniiru. Barsiisaa fi qorataan kutaa qonnaa Yunivarsiitichaa kan biraa Gargaaraa Piroofeesar Tasfaayee Amanuu gama isaaniitiin hojiin qonnaa naannoo gammoojjiitti gaggeeffamu fayyadamummaa horsiisee bultootaa fi hawaasa qonnaan bulaa akka dabalu hubachiisaniiru. Kana cinatti horsiisee bultoonni fayyaa beeyladaa fi mala hormaataa fooyyessanii fayyadamummaa diinagdee isaanii guddifachuu eeraniiru. Haalli hojii mijataa fi walitti hidhamiinsi gabaa mootummaan uume milkaa’inaafi ce’umsa itti fufinsa qabu kana keessatti gahee gaarii taphateera jedhan. Yuunivarsiitichatti barsiisaan Ikonomiksii (diinagdee) kan biraabarsiisaa Biraanuu Geetaachoo waggoota darban keessatti jijjiiramni qonna, turizimii, industirii fi dameewwan diinagdee adda addaa biroo irratti mul’ate bu’uura dinagdee biyyattii cimsuu ibsaniiru. Riifoormiin dinagdee biyya keessaa fi riifoormiin dinagdee Gooroo hojiirra oole guddina dameelee adda addaatiif gumaacha olaanaa akka qabu eeraniiru. Sochiin Omishtummaa Itiyoophiyaa akka biyyaatti gaggeeffamaa ture, oomishtoonni biyya keessaa heddummina oomishaa fi qulqullina isaanii akka guddisan kan taasise ta’uu eeruun, hojiin oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf hojjetamaa ture bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Kan mul'ate

Artiist Ilfinash Aartii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuuf uummata Oromoo bara isaanii guutuu tajaajilan – Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa
Sep 6, 2026 185
Qaammee 1/ 2018 (ENA) :Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa du’aan boqochuu Artiisti Ilfinash Qannoo ilaalchisee ibsa gaddaa baaseera. Artiist Ilfinash Aartii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuuf uummata Oromoo bara jireenya isaanii guutuu tajaajilaa turan jedhe. Guutuun ibsichaa kunooti: Artisti Ilfinash Qannoo Bara Dukkanaatti Qabsoo Oromoo Artiin humneessite du'aan dhabuun gadda guddaadha. Artiin jiruuf jireenya Uummataa kan dammaksu, jijjiiramaaf kan hiriirsu, gaddaa fi gammachuu kan mul'isu utubaa guddicha eenyummaa Uummataa ijaarudha. Artisti Ilfinash Qannoos umurii ijoollummaatiin Galaanaa Artii Oromootti kan makamtee fi hanga du'aan Addunyaa kanarraa of biraa dhabnuutti uummata Oromoof akka dungoo ifaa bara jireenya isaanii guutuu Uummata tajaajilaniiru. Artisti Ilfinash Qannoo ilaalcha caas-tolcheen gadaantummaa fi barmaatilee boodatti hafaa dubartoota irra ture cabsuun nama jabduu hojii Artiin ashaara dhalootaaf jiraatu keesse du'aan dhabuun gadda guddaadha. Bara dukkanaa Afaan Oromootiin wellisuu mitii, dubbachuunuu akka yakkaatti ilaalamu irraa eegalee hojii Artiitiin uummata Oromoo ijaaruu, tokkummaaf hiriirsuu fi duudhaa, Aadaaf Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacha guddaa kan taasiste dubartii jabduu Oromoon qabudha. Artist Ilfinash Artii Oromoo ceesisuu fi Oromummaa jabeessuu keessatti sagalee kilolee qabanitti fayyadamuun dandeettiis cimsachaa uummata Oromoo bara isaanii guutuu tajaajilaniiru. Gaafa Artisti Ilfinash Qannoo dhukkubsachuu eegalan irraa kaasee mootummaan Naannoo Oromiyaa baasiiwwan gara garaa danda'uu yaalchisaa turus, guyyaa rabbi isaaniif qabe waan ta'eef Artisti Ilfinash boqotaniiru. Artistii jabduu kana du'aan wayita of biraa dhabnu kan gaddinu ta'us, hojiiwwan Artii seenaa fi Oogbarruu Oromoo guddisuu keessatti Aetist Ilfinash ba'achaa turaniin Oromoon hundi kan jajjabaatudha. Dhaloonni haaraan kun guca qabsoo Artisti Ilfinashii fi waayiloonni isaanii qabsiisaniin injifannoo aarsaa qaaliin galmaahe tiksuun sadarkaa ol'aanaatti ceesisuuf kutannoon hojjechuutu irraa eegama. Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaanaa Artisti Ilfinash Qannoofii qabsaahota biyyaa fi saba ofii ijaaruuf aarsaa kaffalan kudhaammatee injifannoo caaluuf hojjechaa jira. Qabsooftuu mirga dhala namaa Artisti Ilfinesh Qannoo du'aan of biraa dhabuutti gaddi guddaan kan nutti dhaga'ame ta'uu ibsaa Uummata Oromoo maraa fi maatii hundaaf jajjabina hawwina. Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Qaammee 1/2018 Finfinnee #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gita isaanii Xaaliyaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsan
Sep 5, 2026 723
Hagayya 30/2018 (ENA):Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniif ergaa baga gammaddanii dabarsan. Bulchiinsi Joorjiyaa Meeloonii milkaa’ina seenaa qabeessa galmeesseef maqaa Mootummaa fi Ummata Itiyoophiyaan baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Bulchiinsi keessan milkaa’ina seenaa keessatti isa guddaa ta’e galmeessisaa jirutti, isin baga gammaddan.' jedhan. Michuu koo Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii milkaa’ina bulchiinsa keessaniin galmaa’eef maqaa Ummataafi Mootummaan Itiyoophiyaatiin gammachuu onneerraa maddeefi ergaa baga gammaddanii dhiyeessuun barbaadaa jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad. Hariiroo fi tumsi cimaan gama hedduu Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan gidduu jiru cimee itti fufa jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanirratti dabarsaniin. Akka dubartii gaggeessituu cimtuufi fageessitee yaadduutti seenaa Xaaliyaanii keessatti tasgabbii gita hin qabne fiddanii jirtu jechuun, Murannoo hin raafamneefi jabina keesaniin miira kaka’umsaa addunyaa keessatti uumuufi hariiroo Itiyoophiyaafi Xaaliyaanii jidduu jiru akka hunda galeessaafi gadi fagoo ta’ee akka itti fufu gootaniirtu. Waliigaltee fi tumsa waloo, kan kabaja walii irratti hundaa’ef iddoo guddaa kennina. Isinii fi uummata Xaaliyaaniif nagaa fi badhaadhina itti fufiinsa qabu hawwina jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
Gibxi mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheetiin misoomuuf qabdu kabajuu qabdi-Tiiboor Naaj
Sep 3, 2026 1063
Hagayya 28/2018 (ENA) - Gibxi mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheetiin misoomuuf qabdu kabajuu akka qabdu Ameerikaatti gargaaraan ministira dhimma alaa dhimmoota Afriikaa duraanii Tiiboor Naaj ibsan. Galaana diimaan walitti hidhata seenaa kan qabdu Itiyoophiyaan gaaffiin ulaa galaanaa itti jirtu bu’ura seeraa akka qabus ta’uusaas dubbataniiru. Tiiboor Naaj turtii POA waliin turtii taasisaniin, yaa’a Abbayyaarratti qooda bishaanii osoo hin qabaatiin bara dheeraaf karaa haq-malee faddadamaa turuushee dubbataniiru. Gibxi adeemsi laga Abbayyaa guutummaan to’achuun qaba jettee hordofaa jirtu, dhugaa siyaasaa fi dinagdee qaxanichaa yeroo yeroon jijjiiramaa jiru waliin gonkumaa kan wal hin simne ua’uu ibsaniiru. Gibxi dhugaa haaraa kana fudhachuu qabdi kan jedhan dippilomaatiin duraanii kun, guddina Itiyoophiyaa si’ataa fi madaallii humnaa qaxanichatti jijjiiramaa jiru kaasaniiru. Siyaasaan qaxanichaa jijjiirama olaanaa taasisuusaa kan ibsan Tiiboor Naaj, yeroo ammaa madaalliin humnaa haaraan uumamuusaa fi Itiyoophiyaanis guddachuushee hubachuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru. Gibxi akkaataa marii irra deebitee ilaaluudhaan ilaalcha haaraa fi sirrii qabattee gara mariitti yoo deebite walii galtee fulla’aa fi haqa qabeessarra gahuun akka danda’amu kaasaniiru. Mariileen mirga itti fayyadama bishaanii biyyoota yaa’a Abbayyaa hundaa beekamtii kennuurratti hundaa’an walii galtee uumuu akka dandeessisan dubbataniiru. Gibxi ejjennoo waa’ee Abbayyaa kaaftu caalaa ejjennoon Itiyoophiyaan galaana diimaatti akka hin dhihaanne qabatte dhugaarraa kan fagaate ta’uu kaasaniiru. Gibxi biyyoonni qarqara ganaana diimaa jiran qofaan dhimmi bulchiinsa galaanaa isaan ilaallata kan jettu yoo ta’e, yaa’a Abbayyaatti fayyadamuu kan qaban biyyoota qooda bishaanii qaban qofadha jechuun dubbataniiru. Ejjennoo Gibxi dhugaadhaan wal hin simne kana gocha fakkeessaa jechuun qeeqaniiru. Ameerikaatti gargaaraan ministira dhimma alaa dhimmoota Afriikaa duraanii tattaaffii Itiyoophiyaa hula galaanaa argachuuf taasisaa jirtu ilaalchisees yaadasaanii kennaniiru. Seenaa galaanarraa Itiyoophiyaan Kanaan dura qabdu yaadachuudhaan, biyyattiin yerositti humna galaanaa mataashee (Neevii), wiirtuu humna galaanaa fi admiraalota Itiyoophiyaa humna galaanaa keessatti tajaajilaa turan akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan hula galaanaa dhabuunshee mudannoo guddaa gaddisiisaa ta’uusaa eeranii, tattaaffiin biyyattiin hula galaanaa argachuuf yeroo ammaa itti jirtu hariiroo seena qabeessa galaana diimaarraa qabdu waliin wal qabsiisaniiru. Fedhiin Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf qabdu haqa qabeessaa fi seera qabeessa ta’uu Tiiboor Naaj ibsanii, iyyoonni olla fedhii Itiyoophiyaa sirriitti hubachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Sep 2, 2026 782
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Hoogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsan. Naannoo Oromiyaatti gamaggama torbaniitiin Sadarkaa raawwiin hojii Kenna Tajaajila Lammummaa Gannaafi gargaaramtummaarraa gara Omishtummaatti taasifamaa jiru koree ol’aanaa Naannootiin qoratameera. Hojiiiwwan gama kanaan hojjetamaa jiran mirkaneessuuf akeekamee garee superviizhinii bobbaa'aniin argannoon superviizhinii dhiyaachuun irratti mari'atameera.   Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gamaggama kanarratti yaada kennaniin, Humna misoomuu keessoo qixaan fayyadamuun omishtumaa guddisuun dinadgee hirkatummaa irraa walaba ta’e ijaaruun murteesaadha jedhan. Kana dhugoomsuufis Naannoo Oromiyaattis, gargaaramtummaa guutummaatti hambisuun omishtummaan ofdanda’uuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun milkaa’inni yeroo yeroon galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Gama biraatiin kenna tajaajila lammummaa gannaatiin hojii hojjetamaa jiru itti fufsiisuun jijjiiramni hawaas-dinagdee fulla’insaan akka galmaa’u taasisuu irratti koree olaanoo kanaan xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu himaniiru.   Waliigalaan,Imala Ijaarsa biyyaa karaa milkeessuu danda'uun hojiin gama kenna tajaajila lammummaafi Omishtummaan of danda'uu irratti hojjetamaa jiru bu'aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu obbo Kaffaaloon ibsaniiru. Ta'us garuu,harcaatii hojii mul'atan guutuu taasisuun milkaa’ina argame sadarkaa barbaadameen gahuudhaaf,argannoo superviizhiniin adda bahaan galtee hojii yeroo itti aanuu godhachuun, qindoomina keenya daran cimsuufi hawaasni akka aadeffatu taasisuu akkasumas sirna deggarsaafi horfoffii bu'a qabeessa diriirsuun humna dandamannaafi dorgomtummaa egeree bu’uura amansiisaa irratti dhaabuun murteessaa ta'us kaasanii jiru. Gabaasa raawwii hojiifi argannoo superviizhinii dhiyaatee irratti bal'inaan erga mari'atamee booda kallattiin fuulduraa kennamuun goolabameera jechuun waajjjirri paartii Badhaadhinaa damee oromiyaa gabaaseera.    
Raawwii hojii Ijoo Ministira Mummee Baatii Adoolessaa fi Hagayyaa raawwatan
Sep 1, 2026 1105
Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo: Sagantaan Ashaaraa Magariisaa yeroo waggaa 8ffaa isaa qabatee jirutti, walitti qabaa COP32 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ,Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo fi miseensota Koree Qindeessaa COP32 bakka argamanitti waliin ta'uun sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa biyyaalessaa guyyaa tokkoo bara kanaa gaggeessaniiru. Duulli kun guutuu biyyattii keessatti Itoophiyaanotaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma guddaa qabatee kan ka'e yoo ta'u, kaayyoo kaa'ame olitti milkeessuu danda'eera. Tattaaffiin kun Itoophiyaanota guutuu biyyattiin kan raawwataman yoo ta'u, Ministirri Mummee hirmaattonni injifannoo seenaa, tokkummaa fi obsaa galmeessuusaanii ibsuun galateeffataniiru. Daawwannaa fi Eebba Pirojektootaa: Ministirri Muummee taarmiinaala haaraa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Deejjaazmaach Balaay Zallaqaa Baahir Daaritti argamu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru. Pirojektiin kun Itoophiyaaf karra seensaa ijoo keessaa tokko ta'uu kan ibsan Ministirri Muummee, magaalaan kun qormaatilee dhiyoo kana ishee mudataniin osoo hin jilbeeffatiin obsa, dandamachuu fi wiirtuu investimantii fuulduraa ta'uushee mirkaneessuu danda'uushee hubachiisaniiru. Taarmiinaalli haaraan kun bu'uuraalee misoomaa buufata xiyyaaraa ammayyaa, daandiiwwan ga’umsaa fooyya'an fi tajaajiloota bal'aa qabachuun dandeettii buufata xiyyaaraa kan babal'isu fi mijaa'ina imaltootaa kan fooyyessu dha. Kunis jijjiirama magaalattii bal'aa waliin wal-qabatee Baahir Daarin wiirtuu balallii Idil-Addunyaa fi biyya keessaa taasisa.   Dhimma Hawaasummaa: Gama biraatiin, Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad (OBN) waliin gaaffii fi deebii kan taasisan yoo ta'u, turtii isaaniitiin gareewwan hidhatanii Oromiyaa, Amaara fi Tigiraay keessa socho'an kanneen faayidaa biyyaa caalaa faayidaa dhuunfaa isaanii dursan moo'achuu akka hin dandeenye erga hubatanii booda tumsa uumuusaanii ibsaniiru. Dabalataanis, ilaalchaa fi mala gaggeessummaa yeroon irra darbeen gareewwan kun Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguu kanneen barbaadan diina seenaa alagaatiif akka meeshaa tajaajilaa jiraachuu isaanii dogoggora seenaa kana ibsaniiru. Dabalataanis, dimokiraasiin dhugaan siyaasaa qofa osoo hin taane, gara marii biyyaaleessaa dhugaa kana ol'aantummaa seeraa mirkaneessutti ce’uu akka qabu cimsuun dubbataniiru.  
Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsiseera
Sep 1, 2026 873
Hagayya 25/2018 (ENA)- Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsisuusaa mana maree bakka bu’oota ummataatti itti aanaa dura taa’aan koree hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fatiih Mahidii ibsan. Doktar Fatiih Mahidii ENA waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii waggoottan darban hojiilee riifoormii bu’a qabeessa raawwachuusaanii kaasaniiru. Haala Kanaan raayyaa ittisaa, tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, akkasumas poolisii federaalaa dabalatee dhaabbileen biroon hojmaatasaanii ifaa fi hirmaachisaa gochuusaanii wabeeffataniiru. Lammiileen naannolee hundaa fi sabaa fi sab-lammoota irraa walitti dhufan kan irratti hirmaatan caaseffama Kan Itiyoophiyaanota hundaa ta’e ijaaruun akka danda’ame dubbataniiru. Dhaabbileen kunneen birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee karaa amansiisaa ta’een kabachiisuuf hubannoo nam-tolchee fi teeknooloojiiwwan haaraan akka gurmaa’an taasifamuusaas beeksisaniiru. Dhaabbileen kunneen ogeeyyota hidhannoo teeknooloojii karaa bu’a qabeessa ta’een gaggeessan horachuuf miseensotasaanii biyya alaatti erguun barnoota sadarkaa olaanaa fi leenjii addaa akka argatan gochuun hojii bu’a qabeessa raawwachuusaanii beeksisaniiru. Humni teeknoloojii fi namaa gabbate yaaddoo nageenyaa Itiyoophiyaarratti aggaamamu kamiyyuu ittisuu fi mo’achuudhaan furmaata egeree fiduusaa dubbataniiru. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii balaa diigumsaa Itiyoophiyaarratti aggaamame qolachuun biyya baraaruu akka danda’an ibsaniiru. Hojiileen hojjetaman nageenya cimsuudhaan, tokkummaa, birmadummaa fi daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuu akkasumas nageenya lammiilee eegsisuu akka dandeessise dabalanii beeksisaniiru. Akka Kanaan Itiyoophiyaa akka biyyaatti akkajiraattu, birmadummaa fi sirna demokiraasii itti fufsiisuuf aarsaan lubbuu raayyaan kanfalaa jiru homaanuu akka bakka hin bu’amne beeksisaniiru. Aarsaan jaalala biyyaa dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaan cichitee akka itti fuftu taasifamu fakkaataa kan hin qabnee ta’uusaa fi galmasaa kan qaqqabee fi milkaa’aa ta’uusaa ibsaniiru.

Hawaasummaa
Artiist Ilfinash Aartii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuuf uummata Oromoo bara isaanii guutuu tajaajilan – Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa
Sep 6, 2026 185
Qaammee 1/ 2018 (ENA) :Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa du’aan boqochuu Artiisti Ilfinash Qannoo ilaalchisee ibsa gaddaa baaseera. Artiist Ilfinash Aartii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuuf uummata Oromoo bara jireenya isaanii guutuu tajaajilaa turan jedhe. Guutuun ibsichaa kunooti: Artisti Ilfinash Qannoo Bara Dukkanaatti Qabsoo Oromoo Artiin humneessite du'aan dhabuun gadda guddaadha. Artiin jiruuf jireenya Uummataa kan dammaksu, jijjiiramaaf kan hiriirsu, gaddaa fi gammachuu kan mul'isu utubaa guddicha eenyummaa Uummataa ijaarudha. Artisti Ilfinash Qannoos umurii ijoollummaatiin Galaanaa Artii Oromootti kan makamtee fi hanga du'aan Addunyaa kanarraa of biraa dhabnuutti uummata Oromoof akka dungoo ifaa bara jireenya isaanii guutuu Uummata tajaajilaniiru. Artisti Ilfinash Qannoo ilaalcha caas-tolcheen gadaantummaa fi barmaatilee boodatti hafaa dubartoota irra ture cabsuun nama jabduu hojii Artiin ashaara dhalootaaf jiraatu keesse du'aan dhabuun gadda guddaadha. Bara dukkanaa Afaan Oromootiin wellisuu mitii, dubbachuunuu akka yakkaatti ilaalamu irraa eegalee hojii Artiitiin uummata Oromoo ijaaruu, tokkummaaf hiriirsuu fi duudhaa, Aadaaf Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacha guddaa kan taasiste dubartii jabduu Oromoon qabudha. Artist Ilfinash Artii Oromoo ceesisuu fi Oromummaa jabeessuu keessatti sagalee kilolee qabanitti fayyadamuun dandeettiis cimsachaa uummata Oromoo bara isaanii guutuu tajaajilaniiru. Gaafa Artisti Ilfinash Qannoo dhukkubsachuu eegalan irraa kaasee mootummaan Naannoo Oromiyaa baasiiwwan gara garaa danda'uu yaalchisaa turus, guyyaa rabbi isaaniif qabe waan ta'eef Artisti Ilfinash boqotaniiru. Artistii jabduu kana du'aan wayita of biraa dhabnu kan gaddinu ta'us, hojiiwwan Artii seenaa fi Oogbarruu Oromoo guddisuu keessatti Aetist Ilfinash ba'achaa turaniin Oromoon hundi kan jajjabaatudha. Dhaloonni haaraan kun guca qabsoo Artisti Ilfinashii fi waayiloonni isaanii qabsiisaniin injifannoo aarsaa qaaliin galmaahe tiksuun sadarkaa ol'aanaatti ceesisuuf kutannoon hojjechuutu irraa eegama. Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaanaa Artisti Ilfinash Qannoofii qabsaahota biyyaa fi saba ofii ijaaruuf aarsaa kaffalan kudhaammatee injifannoo caaluuf hojjechaa jira. Qabsooftuu mirga dhala namaa Artisti Ilfinesh Qannoo du'aan of biraa dhabuutti gaddi guddaan kan nutti dhaga'ame ta'uu ibsaa Uummata Oromoo maraa fi maatii hundaaf jajjabina hawwina. Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Qaammee 1/2018 Finfinnee #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Omishtummaa olka'insa Itiyoophiyaaf
Sep 6, 2026 167
Oomishtummaa - Olka’iinsa Itiyoophiyaaf! Baga guyyaa oomishtummaa ittiin isin gahe; nuun gahe geessan! Oomishtummaan sadarkaa olka’iinsaa irra jirru irraa gara sadarkaa olaanaatti ce'uu jechuudha. Sadarkaa olka’iinsaa adeemsa suuta suutaan waggoota hedduu fudhachuun fooyyessuun ni danda’ama; garuu fooyya’iinsi karaa kanaan dhufu galma yaadame irra ga’uuf tattaaffii dhaloota hedduu gaafata. Nutis Itiyoophiyaanonni, duubatti hafummaa fi hiyyummaa keessa waggoota dheeraaf turre irraa adeemsa suuta suutaan bahuun waan hin danda’amneef, jijjiirama oomishtummaa fiduu galma godhannee hojjechaa, milkaa’inootas galmeessaa jirra. Bu’aan tattaaffiiwwan keenya waggoota muraasa darbanis kanuma mul’isa. Ba’aa liqaa alaa Itiyoophiyaa quucarsee ture hir’isuun, dandeettii galii walitti qabuu guddisuun, dandeettii oomishaa industiriiwwanii fooyyessuun, akkasumas itti fayyadama qabeenya albuudaa guddisuun jijjiiramoonni oomishtummaa galmaa’aniiru. Dandeettiin mootummaa waliigalaan hojii raawwachuu qabuus haalaan fooyya’eera. Milkaa’ina oomishtummaa kana galmeessuun kan danda’ame, fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa irratti hundaa’e hojiirra oolchuun; tajaajila mootummaa fooyyessuun; hirmaannaa fi fayyadamummaa lammiilee guddisuun; sirna daldalaa saffisaafi iftoomina qabu uumuun; akkasumas dandeettii dippilomaasii Itiyoophiyaa ilaalcha lammiileefi faayidaa biyyaalessaa irratti hundaa’een qajeelchuun, tattaaffii bal’aa Mootummaan yaadama Ida’amuu taasiseenidha. Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa ishee itti gaafatamummaa olaanaafi karaa seera qabeessa ta’een itti fayyadamuu eegalteetti. Humna haaromfamuu danda’u oomishuun ofii ishee bira darbee naannawichaaf madda humnaa taateetti. Diinagdee dameewwan hedduu hammate hojiirra oolchuun guddina gama hundaa galmeessaa dhufteetti. Oomishaalee industirii gabaa addunyaa irratti dorgomuun gurguruu dandeessisuus uumteetti. Karoora misoomaa mootummaa daangaa hojiiwwan muraasa irraa baasee, galma dhaloota yaada keessa galche kaa’uun hojiirra oolchaa jira. Bara 2018 keessa damee hundaan mul’ata biyyaalessaa ifaa abdii irraa gara jijjiirama qabatamaatti ce’uu milkeessuun danda’ameera. Itiyoophiyaa bara 2023tti fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasisuuf galmi kaa’amee, tattaaffiin cimaa taasifamaa jira; yeroo milkaa’ina sanaa bira ga’amuus suuta suutaan dhiyaachaa jira. Itiyoophiyaan waggoota muraasa darban keessatti, yaad-rimeewwan imaammataa Yaadama Mootummaa Ida'amuun qopheesse irratti hundaa’uun, abbaa biyyummaa guutuu mirkaneessuu jalqabdeetti. Guddinni gama walitti qabama galii irratti mul’ate fakkeenya isa tokkodha. Bu’uura gibiraa fi taaksii babal’isuun, dandeettii galii walitti qabuu guddisuun, akkasumas itti quufiinsa tajaajila mootummaa kaffalaa gibiraa tajaajila giddu gala iddoo tokkoo Masoobiifi tajaajiloota dijitaalaa kennaniin dabaluun raawwii olaanaa agarsiisuun danda’ameera. Kanaanis hanqina baajataa haalaan dhiphisuun danda’ameera. Waggoota muraasa darban keessatti dandeettiin mootummaa ijaarsa pirojektoota raawwachuurratti haalaan guddateera. Pirojektoonni yoom akka jalqabaman ykn baajata hammamii akka gaafatan qofa osoo hin taane, yoom xumuramanii sirriitti tajaajila kennuu akka jalqaban illee yeroo dhagaa bu’uuraa kaa’anitti ofitti amanamummaa guddaadhaan ibsuu kan danda’an sadarkaa irra ga’ameedha. Milkaa’inoota oomishtummaa beekamtii kennuuf, akkasumas waggoota itti aanan keessatti milkaa’inoota oomishtummaa caalmaatti galmeessuuf qophii taasisuun barbaachisaa waan ta’eef, har’a Qaaammeen 01 ergaa mata-duree “Olka'iinsa Itiyoophiyaa!” jedhuun kabajamee oola! Baga Guyyaa oomishtummaa ittiin isin gahe; baga nuun gahe! Qaammee 01/2018 Guyyaa Oomishtummaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Finfinnee
Diinagdee
Itiyoophiyaan bu'aa guddaa galmeessisuun gara badhaadhina olaanaatti ce'aa jirti - Itti aanaa ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Sep 6, 2026 170
Qaammee 1/2018 (ENA): Itiyoophiyaan bu’aa guddaa galmeessisuun gara badhaadhina olaanaatti ce’aa jirti jedhan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itiyoophiyaan imala jijjiiramaa fi badhaadhina hunda galeessa damee hundaan eegalte cimsuun hirkattummaa irraa gara oomishtuutti cimtee ce’aa akka jirtus ibsaniiru. Har'a Qaammee 1, 2018 "Guyyaan Omishtummaa" mata duree "Olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira. Sagantaa kana irratti itti aanaan ministeera muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, hoggantoota olaanoo mootummaa, dhaabbilee michuu fi bakka bu’oota damee dhuunfaa waliin argamaniiru. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa akka himanitti, Riifoormii dinagdee Gooroo fi tarkaanfiiwwan ammayyeessuun sirna faayinaansii waggoota darban hojiirra oolan bu’uura diinagdee cimsaniiru jedhani. Hojiiwwan wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti bu’aa guddaa galmeessisuu ibsaniiru. Dameelee hedduu irratti hojiin bu’aa qabatamaan argamuu himaniiru. Haaluma kanaan, foon, ruuzii, boqqolloo, aannaniifi midhaan biroo irratti fi qonna kilaastariitiin bu’aan galmaa’e dandeettiin omisha nyaataa Itiyoophiyaa akka dabalu taasisuu ibsaniiru. Sochiin maanufaakchariingii fi agiroo-industirii Itiyoophiyaa fi paarkiiwwan indaastirii keessatti oomishaalee biyya alaa oomisha biyya keessaatiin bakka buusuun, Itiyoophiyaa fayyadamaa irraa gara diinagdee oomishtuu fi dorgomaa ta’etti jijjiira jedhaniiru. Qabeenya uumamaa gara dinagdee gatii olaanaatti jijjiiruun damee albuudaa keessatti sona dabalataatiin carraan al-ergii haaraa uumamuu ibsaniiru. Teknooloojiin haalli kaffaltii gibiraa iftoomina uumuu himaniiru. Gara fuula duraattis kenniinsa tajaajilaa malaammaltummaa irraa bilisa gochuun hojiin hojjetamu akka itti fufu ibsaniiru. Kenniinsa tajaajilaa malaammaltummaa fi malaammaltummaa irraa bilisa taasisuuf adeemsa dijiitaala gochuun barbaachisaa ta’uus cimsanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan jijjiiramaa jiraachuu eeruun, gara badhaadhina olaanaatti tarkaanfachaa akka jirtu kan himan yoo ta’u, Itiyoophiyaanota, michoota Itiyoophiyaa damee misooma Itiyoophiyaa kanarratti halkanii guyyaa hirmaachuun hojjetan hunda galateeffataniiru. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Guddina Qonna Oromiyaa  Waggoottan Jijjiiramaan booda
Sep 6, 2026 222
Qonni bu'uura jireenya hawaasaa fi madda nyaataa, dinagdee, akkasumas madda galii guddaa dha. Biyya keenya Itoophiyaatti Qonni wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee dinagdee damdaneessa ijaaruun birmadummaa biyyaa bu’uuressaa jira. Qonni keenya baroota dheeraaf gatiittii Qotiyyoo qofa irratti rarra'aa turuun oomishni argamaa ture maraammartoo hiyyummaa biyya keenyarra dheeressuus barii jijjiiramaa irraa kaasee Mootummaan harqota garbummaa jalatti dhaloota hidhee jiraachisaa kan ture cabsuun tarkaanfii damee Qonnaa gatiittii Qotiyyoorraa gara Tiraakteraa, jireenya harkaa gara afaanii irraa gara wabii nyaataa mirkaneessuun birmadummaa biyyaatti ceesisuuf kutannoon hojii eegaleen injifannoon galmaa’aa dhufe boqonnaa haaraa saaqeera. Boqonnaa haaraa kanaanis qonna tirannaarraa gara utaalchootti ceesisuun ilaacha harkaa gara afaanii cabsuun wabii nyaataa mirkaneessuurraa hanga gabaa biyya alaatti dorgomanii moo’achuutti hojjetamaa jira. Mootummaan Damee Qonnaaf xiyyeeffannoo kennee keessa qonnaa akka utubaa dinagdee biyyattiitti fudhachuun xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa tureera. Keessattuu, guddina dinagdee qonnaan durfamu mirkaneessuuf hojiiwwan kanaan dura hin baratamne irratti hojjeteera. Bu’aawwan Gama Qonnaan argame Ragaa BQO irraa arganne isinif dhiyeessineerra. Galma wabii nyaataa mirkaneessuuf qabameen kanaan dura biyyi keenya qamadii fi midhaan deeggarsaan argamu irratti hirkattee kan turte yoo ta’u omishaa fi omishtummaa guddisuuf hojjetameen,Oomisha Midhaanii roobaan Lafa misoomuun bara 2011 hekt. Mil. 6.1 irra ture; bara 2018 gara hekt. Mil. 11.1tti ol-guddachuun giddu-galeessaan waggaatti dhibbeentaa 10%’n guddina agarsiisuu odeeffannoon Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa irraa arganne ni mul’isa. Oomisha argameen bara 2011 kuntaala Mil. 175.1 irra ture; bara 2018titti kuntaala Mil. 343.4tti guddachuun oomisha dachaan dabaluun danda’ameera. Kunis, giddu galeessaan dhibbeentaa 12 wagga waggaan dabalaa dhufuu agarsiisa. Galma Oomishaalee qonnaa alaa galan bakka buusuuf qabameen Misooma Qamadii Roobaan: Biyye keenya Itiyoophiyaan yeroo dheeraaf qamadii alaa galurratti hirkatee kan turte hanbisuun omisha biyya keessaan bakka buusuuf hojii hojjetameen xiyyeeffannoon misooma Qamadiif kennameera.kanaanis misoomni qamadii Lafaaan bara oomisha 2010/11 lafa hekt. Mil. 1.17 irra kan ture ture bara 2017/18 hekt. Mil. 3.17tti guddisuun danda’ameera jedha ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa.   Oomishaan bara 2010/11tti kunt. Mil. 40.6 irra kan ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil 109.5tti guddateera. Kunis, baroota jijjiiramaatti giddugaleessaan 15% guddina argamsiisee jira. Misooma Qamadii Bonaan: Omishaa fi omishtummaa guddisuun hirkattummaa roobaa qofaan galma ga’uun kan hin danda’amne ta’uun hubatamee misooma jallisiif xiyyeeffannoon kennameera.Kanaanis: Lafaan bara oomisha 2012 tti lafa hekt. Mil. 0.01 irra kan ture; bara 2018 hekt. Mil. 3.4tti guddateera. Oomishaan bara 2012tti kunt. Mil. 0.3 irra ture; bara 2017 gara kunt. Mil 120.5tti kan guddateeera.bara 2018 immoo lafa faca’erraa kunt. Mil. 163 argachuuf hojjetamaa tureera,Kunis, baroota jijjiiramaatti giddu galeessaan lafa misoomuun 180%; oomishaan 236% guddina argamsiisee jira. Milkaa’ina argameenis Qamadii kadhachuurraa bahuun oomisha qamadiitiin of danda’uu bira dabarree gara biyya alaatti erguutti ceenee jirra. Kanaanis, Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun, gara birmadummaa biyyaaleessaa guutuu ta’etti ce'uuf kan dandeessisu jijjiirama qabatamaa fiduu eegalameerra.   Biyyi keenya Itoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuu ajandaa ishee isa hangafaa godhattee hojjachaa turteetti. Kanaanis, sosochii hirkatummaa irraa gara omishtummaatti jedhu taasifneen kabaja qamadiin dhabne qamadiin deeffachuun Itoophiyaa kadhaa qamadii irraa adda baasuun Afrikaa keessatti fakkeenya birmaduu hiree ofii ofiin murteeffattu ta’uu dandeesseetti. Wabii nyaataan of-danda’uun dameewwan misoomaa hundaan yoo hojjetame ta’uun hubatamee inisheetivoota adda addaa hojiirra oolchuun hojiitti seenamee bu’aan boonsaan galmaa’aa jira. Misooma Garbuu Biqila Biiraa: Lafaan Bara oomisha 2010/11 lafa hekt. 95,000 irra ture bara 2017/18 hekt. Kuma 519tti, guddatee jira . haaluma wal fakkaatuun ,Oomishaan bara 2010/11tti kunt. Mil. 3.1 irra ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil. 20.7tti guddateera. Kunis, baroota jijjiiramaatti lafa misoomuufi oomisha argameen gidduu galessaan 27% guddina argamsiisee jira. Kan alaa gala tures gutummaatti hambisuun danda’ameera. Misooma Ruuzii: Inisheetivoota hojiirra oolanii bu’aa olaanaa galmeessisan keessaa misoomni Ruuzii tokko yoo ta’u , baroota jijiiramaa keessa bal’inaan hojiitti seenameera. Lafaan barara oomisha 2010/11 lafa hekt. 10,000 irra ture bara 2017/18 hekt. Mil. 1.280tti, guddateera. Oomishaan bara 2010/11tti kunt. Mil. 0.416 irra ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil. 50tti guddateera. Kunis, baroota jijjiiramaatti lafa misoomuun 99 fi oomisha argameen gidduugaleessaan 98% guddina argamsiisee jira. Galma Oomishaalee al-ergee: Omishaalee Al-ergee baayyinaa fi qulqullinaan misoomsuun galii sharafa alaa guddisuurratti qabame milkeessuuf: Oomishaalee Atar boonsituu, Boloqqee, Saalixii, Maashoo fi looziitiin bara jijjiirama dura waliigalaan Lafa misoomuun hektaara kuma282,500 irraa gara hektaara 3,107, 300 tti guddateera. Oomishaan kuntaala 3,912,000 irra gara kuntaala40,802,000tti guddisuun danda’ameera. Misooma Bunaa: Al-ergii bunaarraa sharafni alaa argamu diinagdee biyyattii gargaara. Dorgommiin qulqullina bunaa akka Cup of Excellence qonnaan bultootaaf gatii olaanaa argamsiisaa jira. Xiyyeeffannoo dame kanaaf kennameen jijjiiramni ol’aanaan galmaa’eera. Biqiltuu bunaa dhaabbatu miliyoona 908 irraa gara Biliyoona 2.434tti, Oomisha argame kuntaala Miliyoona 6.48 irraa gara miliyoona 16.9tti Biqiltuun dhaabbatu waggaatti giddu-galeessaan 18%n , oomishni argamuun 15%n guddateera Misooma Baala shayee : Misoomni kun haala qilleensaa fi biyyeen wal qabatee baayyinaan lixa fi kibba lixa Oromiyaa keessatti babal'achaa jira: Godina Iluu Abbaa Boor: Bakka itti dhiyeenyaan bal'inaan jalqabamee fi muuxannoo gaariin itti mul'ate dha. Godina Jimmaa: Aanaalee akka Gommaa, Maannaa, Saqqaa Coqorsaa, fi Shabee Somboo keessatti qonnaan bultootaa fi dargaggoonni gurmaa'anii irratti hirmaachaa jiru. Kanaanis misoomicharratti jijiiramni guddaan mul’achaa jira. Lafa irratti misoomeen hektaara kuma 1.1 irraa gara hekt. Kuma 2.7tti Misooma Muduraa waliigalaan : Itoophiyaa keessatti, keessattuu inisheetivii "Ashaaraa Magariisaa" fi tarsiimoowwan qonna ammayyaatiin deeggaramee, wabii nyaataa mirkaneessuu fi galii maatii qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetamaa jira. Lafa irratti misoomeen hektaara kuma 49.9 irraa gara hekt. Kuma 631.4tti guddatee jira. Oomisha argame kuntaala Miliyoona 5.4 irraa gara miliyoona 27.3tti Uwwisni lafaa waggaatti giddu-galeessaan +53%’n, oomishni +31%’n guddateera. Xumura Galma Wabii nyaataa mirkaneessuutiin Oomishaa fi oomishitummaan midhaan nyaataa walumaagalaa giddu-galeessaan dhibbeentaa 12%’n saffisa fooyya’aa ta’een guddataa dhufera. Omisha Qamadii Jallisii Bonaa: Inni kun xiyyeeffannoo guddaa kennameen, hanqina qamadii biyya keessaa mirkaneessuu fi alatti erguu irratti hojjetameera. Haaluma Kanaan gargaarsa qamadii alaa eeggachuu irra gara of danda'uutti ce'uun danda'ameera. Qonnaan/horsiisee bultoonni qonna hirkatummaa roobaa jalaa ba’uun, jallisii fayyadamanii waggaatti si'a lamaa fi isaa ol omishuu akka danda'an hubannoon uumameera. Kanaanis oomishni qamadii jallisiin oomishamuu saffisa baay’ee olaanaa ta’een dhibbeentaa 236%’n guddateera. Mala kilaasteraan sanyii filatamaa fi xaa'oo wal-fakkaataa akka fayyadaman, akkasumas makanizeshinii (tiraaktaraa fi kombaayinara) fayyadamuun oomishuun omishtummaa hektaara tokko irraa argamu dabaleera. Tiraaktaroonni fi maashinaroonni qonnaa hedduun gara biyya keessaa akka galan ta'uun, hojiin qonnaa dadhabbiin isaa akka hir'atu taasiseera. Akkasumas Qonnaan bultoonni humna namaa fi horii irra gara maashinaroota ammayyaatti akka ce'an taasisuun danda’ameera. Haaluma kanaan dhiyeessii tiraakteraa gidduu galeessan 17% fi dhiyeessiin kombaayinera midhaan haamuu giddu galeessaan 15 dabalaa kan dhufee yeroo ta’uu, qonni humna namaa fi horii irraa gara maashinariitti ce'uuf sochiin jiru gaarii ta'uu agarsiisa. Sagantaa Maaddii guutuun: Omishoota akka foonii, hanqaaquu, dammaa, fi Aannannii irratti xiyyeeffachuun nyaata madaalawaa mirkaneessuu fi galii maatii dabaluu. Uuummatni biyyattii fi naannichaa akka argatu taassifameera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Omishaaleen biyya keessaa badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu'uura kaa'eera – Hayyoota
Sep 6, 2026 161
Qaammee 1/2018 (ENA): Omishaaleen biyya keessaa badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu'uura kan kaa’e ta’uu hayyoonni Yuunivarsiitii Madda Walaabuu ibsaniiru. Har'a Qaammee 1, 2018, mata duree "Guyyaa Omishtummaa" jedhuun sagantaalee adda addaatiin akka biyyaatti kabajamaa jira. Sagantaan kun bu’aawwan qabatamaa Itiyoophiyaan gama hedduun galmeessiftee fi jijjiirama caasaa damee qonnaa, bu’uuraalee misoomaa, industirii fi dijiitaalaa agarsiisuu, akkasumas guddina ishee itti fufsiisuuf kan kaayyeffatedha. Turtii hayyoonni Yunivarsiitii Madda Walaabuu ENA waliin taasisan haaromsi dinagdee fi jijjiiramni caasaa guddina biyyaalessaa galmaan ga’uuf taasifame misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura kaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Deenii fi Qorataan Kolleejjii Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Yunivarsiitichaa Dr. Darajjee Darsoo akka jedhanitti, dameen qonnaa qonnaan bultootaaf wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hin taane gabaa tasgabbeessuu keessatti bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraara. Keessattuu filannoo bishaanii fayyadamuun qonna waggaa guutuu misoomsuun kan danda’ame ta’uu ibsaniiru. Barsiisaa fi qorataan kutaa qonnaa Yunivarsiitichaa kan biraa Gargaaraa Piroofeesar Tasfaayee Amanuu gama isaaniitiin hojiin qonnaa naannoo gammoojjiitti gaggeeffamu fayyadamummaa horsiisee bultootaa fi hawaasa qonnaan bulaa akka dabalu hubachiisaniiru. Kana cinatti horsiisee bultoonni fayyaa beeyladaa fi mala hormaataa fooyyessanii fayyadamummaa diinagdee isaanii guddifachuu eeraniiru. Haalli hojii mijataa fi walitti hidhamiinsi gabaa mootummaan uume milkaa’inaafi ce’umsa itti fufinsa qabu kana keessatti gahee gaarii taphateera jedhan. Yuunivarsiitichatti barsiisaan Ikonomiksii (diinagdee) kan biraabarsiisaa Biraanuu Geetaachoo waggoota darban keessatti jijjiiramni qonna, turizimii, industirii fi dameewwan diinagdee adda addaa biroo irratti mul’ate bu’uura dinagdee biyyattii cimsuu ibsaniiru. Riifoormiin dinagdee biyya keessaa fi riifoormiin dinagdee Gooroo hojiirra oole guddina dameelee adda addaatiif gumaacha olaanaa akka qabu eeraniiru. Sochiin Omishtummaa Itiyoophiyaa akka biyyaatti gaggeeffamaa ture, oomishtoonni biyya keessaa heddummina oomishaa fi qulqullina isaanii akka guddisan kan taasise ta’uu eeruun, hojiin oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf hojjetamaa ture bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Appilikeeshinichi galmoota imala dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf gumaacha ni taasisa - Injiinar Taakkalaa Uumaa
Sep 4, 2026 540
Hagayya 29/2018(ENA): Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa appilikeeshinii Diijitaalaa tajaajila isaa caalmaatti si’oomsu ifoomseera. Appilikeeshinichi maamiltoonni bakka jiranii tajaajila dhaabbatichaa kamiiyyuu akka argatan kan dandeessisu Appilikeeshinii Diijitaalaa haaraa ta’uutu ibsame.   Eegaluun appilikeeshinii dijitaalaa kun galmoota imala dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf milkaa’ina guddaa akka ta’e miseensi Boordii Geejjibaa fi Loojistikii Galaanaa Itiyoophiyaa fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Aksiyoona Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaa himaniiru. Appilikeeshinichi guyyoota torbanii tajaajila sa’aatii 24 kennuuf dandeessisa jedhan. Teeknooloojiin misooma hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf wantoota barbaachisaan keessaa ijoo Injinar Taakkalaa Uuman himaniiru. Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf damee Loojistiksiif ulaa Galaanaa qabaachuun diqrama akka ta’e hubachiiniiru. Tajaajilli dijitaalaa ifoome kun, imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf tarkaanfii tokko ta’uu eeraniiru   Tajaajila si’ataa, ammayyaa fi uwwisa tajaajilaa bal’isuun hanqinaalee turan furuu keessatti appilikeeshinii gahee olaanaa akka qabu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injinar Abduulbar Shamsuun ibsaniiru. Hojiin teeknooloojii dijitaalaa cimsuu akka addunyaatti dorgomaa taasisuu fi tajaajila bu’a qabeessa ta’e akka kennu kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Dijitaalli Itiyoophiyaa guddina dameelee hedduu dhufe irratti gumaacha olaanaa taasiseera
Sep 2, 2026 380
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan Raawwii Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaa’inaan xumuruun gara marsaa biraatti ce’uun Tarsiimoo Dijiitaalaa bara 2030 hojiirra oolchaa jirti. Hojiirra oolmaan tarsiimoo damichaan guddina olaanaa galmeessisuun hojiirra oolmaa fi haaromsa dijitaalaa dameelee adda addaa keessatti boqonnaa guddaa baneera. Dhimma kana irratti hayyoonni ENA waliin turtii taasias akka jedhanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti argameef gumaacha olaanaa taasiseera. Guddinni damichaa kallattiinis ta’e al-kallattiin hojii qabatamaa dameelee adda addaa keessattuu barnootaa fi fayyaa waliin kan walqabatu ta’uu hayyoonni kunneen eeruun, barnootaa fi fayyaa dabalatee dameewwan tajaajilaa adda addaa keessatti bu’aa qabatamaa ta’e fiduu danda'niiru jedhan. Yuunivarsiitii Dillaatti Daarektarri walitti hidhaminsa Industirii fi cehumsa Teeknooloojii Doktar Addisuu Faranjoo waggoota muraasa darban ijaarsa irraa kaasee hanga hojiirra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa hojiin mootummaan hojjetee fi bu’aan argame dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Faayidaa adda baasuun, tajaajilli dhaabbata tokkoo Ministeera Maallaqaa fi hojiiwwan qabatamaan kanaan walqabatan biroo lammiileen tajaajila saffisaa akka argataniifi malaammaltummaa akka ittisan taasiseera jedhan. Akkasumas leenjiin Itiyoo Koodarootaa dargaggoonni keessumaa dargaggoonni damee kanarratti beekumsa akka horataniifi dorgomtoota gahumsa qaban ta’uun carraa hojii akka uumuuf gargaareera jedhan. Akka biyyaattis tajaajiloonni masoob fi faayidaan hojiirra oolaa jiru bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhan. Tajaajilli yunivarsiitichaa hedduun karaa dijitaalaa kan raawwatamaa jiru ta’uu eeruun, dandeettii kalaqaa dargaggoonni damee kanarratti qaban guddisuuf leenjiin gama bulchiinsa humna namaa fi roobootikii irratti kennamaa akka jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichatti barsiistuu fi qorattuu saayinsii kompiitaraa fi itti gaafatamtuu damee Dijitaalaazaayizeeshinii Tajaajila Hawaasaa fi Pirojektoota Alaa kan ta’an Sennaayit Mootii, hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii, tajaajilaa fi dameewwan biroo keessatti dandeettiin uumame olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kenniinsa tajaajilaa fi akkaataa jireenyaa ta’aa akka jiru, ergaa waljijjiiruu irraa kaasee hanga tajaajila kamiyyuu waraqaa malee kennuu fi fudhachuutti hojiin tajaajila kamiyyuu babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo hawaasaa damee kanaa guddisuun wiirtuu hojiirra oolmaa dijitaalaa damee kanarratti ta’uun Dijiitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 damee dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi tarkaanfataa fiduun isaa ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Sep 1, 2026 484
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera. Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru. Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru. Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru. Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru. Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru. ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru. Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru. kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.
Ispoortii
Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama.
Sep 6, 2026 171
Qaammee 1/2018 (ENA): Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama. Taphni Darbii Landan galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Emirates keessatti gaggeeffama. Arsenaal fi Cheelsiin garaagarummaa gooliitiin qabxii 6’n wal qixa, sadarkaa sadaffaa fi 4ffaa bahaniiru. Abbaan Dirree Arsenaal taphoota liigii lamaan irratti goolii 4 galchuun gooliin tokkollee isatti hin lakkaahamne. Kunis cimina garee kanaa, keessattuu ittisa isaa agarsiisa. Morkataan isaa Cheelsiin taphoota lama irratti goolii 7 kan lakkoofsise yoo ta'u, isaan keessaa shan isatti lakkaahamaniiru. Sochiin weeraraa Cheelsii gaarii ta'us, ittisa irratti dadhabina qaban sirreessuu qabu. Walmorkattoonni Landan lamaan liigii kanaan yeroo wal argan kun yeroo 69ffaadha. Taphoota 68 kanaan dura Arsenaal 28 yoo injifatu, Cheelsiin ammoo 20 injifateera.Taphoota 18 hafan qixaan xumuramaniiru. Arsenaal taphoota sanaan goolii 97 yoo galchu, Cheelsiin ammoo 85 galcheera. Arsenaal tapha liigii shanan darban keessaa sadii injifateera; kanneen hafan lama ammoo qixa ba'aniiru. Cheelsiin yeroo dhumaaf bara 2021 liigichaan Arsenaal injifate. Shaampiyoonaa liigii ammaa Arsenaal bara haaraa kana taphoota jalqabaa lamaan injifachuun haala gaariin duula isaanii eegalaniiru. Morkattoonni Cheelsiin jalqaba gaarii taasisaniiru, taphoota liigii isaanii lamaan injifachuun isaanii ni yaadatama. Kanaaf, taphi kilaboota Landan lamaan gidduutti taasifamu cimaa ta'a jedhamee eegama. Gaheessi Ganna 41 Kiriis Kaashaanaag tapha eegamaa kana Abbaa Mutree olaanaa ta’uun ni taphachiisu. Tapha biraatiin ammoo Evartan Istaadiyeemii Hiil Dikiinsan irratti Maanchistar Yunaayitid keessummeessa. Evartan taphoota lama irratti qabxii tokko qofa yoo qabaatu, morkataan isaa Maanchistar Yunaayitid ammoo qabxii sadii qaba. Torbee lammaffaa irratti Ipiswichi Town 5 fi 2’n injifate Maanchistar Yunaayitid walitti aansuun injifannoo isaa dheeressuuf kan taphatu ta'a.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee biyyattii tokko tokkoo keessatti hamma rooba giddugaleessaa hanga cimaa ni argatu
Sep 3, 2026 415
Hagayya 27/2018 (ENA) — Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii hamma rooba giddugaleessaa irraa kaasee hanga rooba cimaatti argachuu akka danda’an Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi Ibsa ENAf ergeen akka beeksiisetti, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii rooba giddugaleessaa hanga cimaa ta’e ni argatu. Godinoonni Shawaa hundi, akkasumas Anyuwaak, Kafaa, Oomoo Dhihaa, Guraagee, Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas godinoonni Tigiraay Dhihaa, Tigraay Kaaba-Dhihaa, Tigraay Giddugaleessaa, Tigraay Bahaa fi Tigraay Kibbaa, fi godinoonni Sidaamaa baay’een rooba salphaa hanga giddugaleessaa ta’e ni argatu. Naannolee baha, kaaba-bahaa fi giddugaleessa Itoophiyaa keessatti roobni hir’achaa kan deemu yoo ta’u, naannolee kibbaa fi kibba-bahaa biyyattii keessatti garuu faca'insi roobaa fi hamma isaatiin, kan duraa caalaa fooyya’aa ta’e ni argatu. Kanaaf, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee adda addaatti roobni garaagarummaa qabaachuu waan danda’uuf, qonnaan bultoonnii fi jiraattonni odeeffannoo haala qilleensaa yeroo yerootti hordofuun barbaachisaadha. Inistiitiyuutichi, hawaasni naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman, kanneen jiidhina salphaa, giddugaleessaa fi cimaa argatan, akkasumas naannolee qonnaa midhaanii, horsiisa bulaa fi gariin horsiisa bulaa keessatti argaman, haala qilleensaa kana hojii qonnaa isaaniif akka itti fayyadaman hubachiiseera. Kana malees, naannolee rooba giddugaleessaa fi cimaa argatan keessatti, lafa qonnaa gadi-bu’aa a irratti bo’oo bishaanii fi bo’oo dhangala’aa cufaman bananii hojii irra akka oolan gochuu, dhukkuba midhaanii fi aramaa dursee ittisuu, akkasumas lafa irraa biyyoo akka hin dhiqamneef tarkaanfiiwwan barbaachisan fudhachuu akka qaban hubachiiseera. Qonnaan bultoonnis yeroo yerootti daawwannaa maasii gochuun of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisan gorsaniiru. Naannolee jiidhina salphaa hanga giddugaleessaa argatan keessatti immoo, jiidhina argamu sirnaan fayyadamuun, bishaan roobaa walitti qabuun yeroo bonaa itti fayyadamuun, bishaan lafa keessaa hurkaa’uu hir’isuuf hojiiwwan barbaachisan raawwachuun, akkasumas marga beeyiladaa sirnaan kunuunsuu fi tiksuu akka barbaachisu ibsameera. Inistiitiyuutichi dabalataan, haalli qilleensaa guyyoota kurnan walitti aanan itti fufu kun, laggeen fi bishaanota naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman keessatti, dhangala’aan bishaanii lafa irra yaa’u hamma xiqqaa irraa kaasee hanga guddaatti uumamuu akka danda’u ibseera.
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 807
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti hojiileen Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa qabeenya Uumamaaf taasifamaa jiru Jijjiirama Qilleensaa Ittisuuf Tattaaffii Addunyaalessaa Deeggaraa jira
Aug 23, 2026 813
Hagayya 17/ 2018 (ENA) : Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa fi kunuunsa uumamaa naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran tattaaffii addunyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf taasisaa jirtu kan deegaru ta’uu beeksise. Naannichi daldala kaarboonii babal’isuun jijjiirama qilleensaa qolachuuf tattaaffii addunyaa taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus ibseera. Akka obbo Araarsaa Raggaasaa, hojii gaggeessaa Waliigalaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa jedhanitti, naannichi jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaa irratti taasifamaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.   Keessattuu, gadi lakkifamuu kaarboon daayi’oksaayidii hir’isuu fi uwwisa bosona guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran akeekaniiru. Biqiltoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti dhaabaman irra caalaan isaanii milkaa’inaan gara bosonaatti jijjiiramuun haala qilleensa naannoo eeguu fi gadi lakkifamuu kaarboonii hir’isuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaanii ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irraa sirna fayyadamummaa itti fufiinsa qabu qopheessuun hawaasni bu’aa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabu cimsee itti fufa jedhaniiru. Akka qorannoo saayinsiitiin lafti bosonaa heektaarri tokko kaarboon daayi’oksaayidii toonii 10 hanga 20 kuusuu fi xuuxuuf dandeettii olaanaa akka qabu ibsaniiru. Misoomni bosonaa naannichi gaggeeffamaa jiru tattaaffii gadi lakkifamuu kaarboonii addunyaa irratti taasifamu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu kun ragaa ta’uu ibsaniiru.   Obbo Araarsaan adeemsa seenaa Itoophiyaan gabaa kaarboonii irraa galii argachuu eegalte ibsuun, Gurgurtaan kaarboonii bosonaa jalqabaa bara 2012 Bosona Baaleetti akka eegale yaadachiisaniiru. Obbo Araarsaan itti dabaluudhaan, Bara 2012 hanga 2019 gidduutti kaarboonii meetiriik toonii miiliyoona 9 gurguramee gara birrii biiliyoona walakkaatti dhiyaatu galii argamsiiseera jedhani. Galiin gurgurtaa kanarraa argamu bosona eegsisuufi hojiiwwan misooma bosonaa dabalataaf, fayyadamummaa hawaasni itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi michoota ardiilee fi idil-addunyaa waliin qindoominaan kaarboonii bara 2022 hanga 2024 gidduutti galmaa’e meetiriik toonii miiliyoona 13 gurguruufis qophii ta’uu ibsameera.   Gara fuulduraattis bosona uumamaa fi namtolchee karaa saayinsaawaa ta’een kunuunsuu fi daldala kaarboonii hojiirra oolchuun hojiin eegumsa naannoo fi fayyadamummaa diinagdee biyyaalessaa dabaluu itti fufa jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 30599
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 17997
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16950
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015