ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Wixineen labsii qabiyyeen lafaa ittigadhiifamuu fi beenyaan ittikafalamu koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelfame
Mar 19, 2024 0
Bitootessa 10/2016(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii qabiyyeen lafaa ittigadhiifamuu, beenyaan ittikafalamuu fi kanneen lafarraa ka’an itti dhaabbatan koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelche. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 18ffaa har’a taa’eera. Walgahii Kanaan wixinee labsii fooyyessa qabiyyeen lafaa ittigadhiifamuu, beenyaan ittikafalamuu fi kanneen lafarraa ka’an itti dhaabbatan ilaalchisuun qophaa’erratti marii bal’aa taasiseera. Barbaachisummaa wixinee labsichaa ilaalchisuun mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa olaanaa mootummaa obbo Tasfaayee Beeljigee, miseensota mana mareef ibsa taasisaniiru. Ibsa kanaanis labsichi kanneen misoomaaf jecha lafarraa kaafaman kafaltiin beenyaa barbaachisu raawwachuu akkasumas rakkoo harkifannaa misoomaa furuuf akka ta’e himaniiru. Wixineen labsii haaraan faayidaa ummataaf jecha hojmaata qabiyyeen lafaa ittigadhiifamu, beenyaan ittikafalamuu fi kanneen lafarraa kaafaman deebi’anii itti dhaabbatan kan si’achiisu ta’uu ibsaniiru. Wayita hojiileen misoomaa hojjetaman qabeenya tilmaamuun, kafaluu fi kaasuun naannolee fi bulchiinsota magaalaaf kan kennamu ta’uusaas eeraniiru. Adeemsa hojmaataatiin miira abbummaa uumuu fi sirna hojmaataa si’ataa diriirsuuf akka ta’e ibsameera. Manni marichaa wixinee labsichaarratti erga mari’atee booda tokko tokkoon akka ilaalamuuf koreewwana dhaabbataa dhimmoota bu’ura misoomaa magaalaa fi geejjibaa fi seeraa fi haqaaf qajeelcheera.
Qabeenya uumamaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa jiru bu'aa dinagdeef akka ooluu hojiin jalqabame cimee itti fufuu qaba
Mar 19, 2024 37
Bitootessa 10/2016 (TOI) - Qabeenya uumamaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa jiru bu'aa dinagdeef akka ooluu hojiin jalqabame cimee itti fufuu akka qabu Ministirri Misoomaafi Karooraa doktar Fitsum Asaffaaa hubachiisan. Gareen to’annoo fi hordoffii hoggantoota mootummaa federaalaa doktar Fitsum Asaffaan durfamu naannichatti hojii deggersaa fi hordoffii gaggeessaa jira. Daawwannaa hojii misoomaa naannicha godina Beenchii Shakkootti taasisan irratti doktar Fitsum Asaffaa akka himanitti Naannoon Ummatoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa qabeenya umamaan kan badhaadhe ta'uu hubachuu himaniiru. Qabeenya uumamaa kana fayyadamummaa diinagdee fooyya’aa ta’eef oolchuuf hojiiwwan mootummaa federaalaa fi naannootiin eegalaman cimee itti fufa qabas jedhaniiru. Lafa qonnaaf mijataa, qabeenya bishaanii fi bosona dabalatee qabeenya uumamaa naannichaa sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaa ta'uu eeraniiru. Haalli qonnaan bultoonni naannichaa uumama waliin walsimsiisuun misooma hojjechaa jiran caalaatti cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Qonnaan bulaan kun qabeenya uumamaa karaa bu'a qabeessa ta'een akka itti fayyadamuuf dinagdee isaa caalaatti akka fooyyeeffatuuf bu'uuraleen misoomaa barbaachisan naannaawwaa isaatti babal'achuu qabas jedhaniiru. Keessaattu qonnaan bulaan oomisha isaa gabaatti dhiheeffachuuf rakkoon bu'uura misooma akka daandii qaban akka furamu qindoominaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru. Pirojektoota daandii Bulchiinsa Daandii Federaalaan ijaarama jiran yeroo kaa'ameef keessaatti akka xumuraman haaraanis akka eegalamu xiyyeeffannoon hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.
Mooraa Embaasii Siwiizarlaand Finfinneetti argamu keessatti gamoo ijaaruuf dhakaan bu’uraa kaa’ame
Mar 19, 2024 12
Bitootessa 10/2016(TOI)-Ministirri dhimma alaa Siwiizarlaand Iignaaziiyoo Kaasiis ministira dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee waliin ta’uun mooraa embaasii Siwiizarlaand Finfinneetti argamu keessa dhakaa bu’uraa kaa’an. Hooggantoonni waajjira dhimma alaa biyyoota lamaanii bakka bu’oonni paarlaamaa Siwiizarlaand fi dippilomaatonni saganticharratti argamaniiru. Kaleessaa Itiyoophiyaa kan daawwatan ministirri dhimma alaa Siwiizarlaand Iignaaziiyoo Kaasiis ministira dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee waliin dhimmoota biyyoota lamaanii, qaxanaa fi idil addunyaarratti mari’achuunsaanii niyaadatama.
Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf damee dhuunfaa waliin tumsaan nihojjeta-doktar Saamu’eel Kiflee
Mar 19, 2024 9
Bitootessa 10/2016(TOI)- Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf galmoota qabaman keessaa damee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan nihojjechuun isa tokko akka ta’e pirezidaantiin eeggataa yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee ibsan. Yuunivariitichii fi gareen Faariis Teeknooloojii hojii qorannoo fi kalaqaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Pirezidaantiin eeggataa Yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee fi hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariis Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw waliigalticha mallatteessaniiru. Doktar Saamu’eel wayita kana akka jedhanitti galmoota yuunivarsiitichi tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf qabaman keessaa dameelee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan hojjechuun isa tokkodha jedhaniiru. Waliigalteen garee teeknooloojii Faariis waliin taasifame qaama tarsiimichaa ta’uu eeranii, qorannoo fi qu’annoon akkasumas kalaqarratti tumsaan nihojjeta jedhaniiru. Pirezidaantiin eeggataa kun akka jedhanitti waliigaltichi yaalii yaada kalaqaa barattootaa qabeenyatti jijjiiruuf taasifamuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariif Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw gamasaaniin Yuunivarsiitiin Finfinnee dandeetti guddaa qabu fayyadamuuf waliigaltichi carraa gaarii ta’uusaa dubbataniiru. Garuchi pirojektoota teeknooloojiin walqabatan bocee hojjechaa akka jiru eeranii, waliigaltichi bu’a qabeessummaa teeknooloojii caalaatti niguddisa jedhaniiru.
Jilli garee hordofii fi deeggarsa hoggantoota mootummaa Federaalaa obbo Malaakuu Allebaliin durfamu naannoo Affaaritti hojiilee misoomaa daawwachaa jira.
Mar 19, 2024 21
Bitootessa 10/2016(TOI) - Jilli hordofii fi deeggarsa hoggantoota mootummaa Federaalaa obbo Malaakuu Allebaliin durfamu naannoo Affaaritti hojiilee misoomaa daawwachaa jira. Gareen hordofii fi deeggarsaa kun daawwannaa isaa Bitootessa 6/2016 irraa eegalee pirezidaantii naannichaa obbo Awwal Arbaa fi miseensoota kaabinee naannichaa waliin marii taasisuun kan jalqabe yoo ta'u hojiiwwaan misoomaa naannichaa godina -1tti hojjetaman daawwateera. Keessaayyuu hojii misooma jallisii waqtii bonaa(Boqqoolloo, Qamadii, kuduraa fi kanneen biroo) sagantaa maaddii guutuun hojilee hojjetaman(Misooma horsiisa lukkuu, Qurxummii fi saawwan aannanii) Indastirii manufakcharinii(Wrashaa oomisha Ashaboo) akkasuma bu'uuralee misoomaa kanneen akka manneen barnootaa,Fayyaa fi hojii tajaajila tola ooltummaan hojjetaman fi hojiiwwan misoomaa biroo daawwateera. Walitti qabaan garee hordofii fi deeggarsaa kana obbo Malaakuu Allebal godinichatti cimootaa hojii misoomaa argaman cimsuu fi hanqinoota jiran immoo gara fuula duraatti xiyyeeffannoon irratti hojjechuun furuuf haala dandeesurratti yaada kennaniiru. Hoggansi sadarkaan jiru gaaffii hawaasaa deebisuu fi sosochii hojii misooma jalqabame caalaatti cimsuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Siyaasa

Itiyoophiyaa fi Giriik hariiroo baroota dheeraaf qaban gana daldalaa, invastimantii, barnootaa fi leenjiinis nicimsu-ambaasaaddar Dammituu Hambisaa
Mar 19, 2024 31
Bitootessa 10/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Giriik hariiroo baroota dheeraaf qaban gana daldalaa, invastimantii, barnootaa fi leenjiinis cimsuun akka barbaachisu ambaasaaddar Dammituu Hambisaa ibsan. Teessoonsaanii Roome ta’ee Giriikitti ergamtuun adda RDFI fi abbaa aangoo guutuu ambaasaaddar Dammituu Hambisaa itti aantuu ministiraa dhimma alaa Giriik kabajamtuu ambaasaaddar Aleeksaandiraa Papadopooluu waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis hariiroo biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu biyyoota lamaan jidduu jiru haala caalaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru. Hariiroo seena qabeessa biyyoonni lamaan qaban ambaasaaddar Dammituun kaasanii, hariiroo ummattootaa biyyoota lamaanii qaban gana daldalaa, invastimantii, barnootaa fi leenjiinis cimsuun barbaachisaa akka ta’e kaasaniiru. Ittaantuun ministirittii gamasaaniin hariiroo seena qabeessa Giriik Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Itti dabaluunis biyyisaanii tumsa biyyisaanii gama daldalaa, invastimantii akkasumas barnootaan Itiyoophiyaa waliin qabdu akka guddiftu ibsuusaanii ministeera dhimma alaarraa odeeffanne.
Manni marichaa walgahii idilee 18ffaa har’a nitaa’a
Mar 19, 2024 34
Nitootessa 10/2016 (TOI)- Manni marichaa bakka bu’oota ummataa RDFI walgahii idilee 18ffaa har’a nitaa’a. Walgahii Kanaan haala faayidaa ummataaf jecha labsii fooyyessaa qabiyyeen lafaa itti gallakkifamu, beenyaan kan ittikafalamuu fi haala kanneen lafarraa ka’an haalli itti deebifamanii dhaabaman murteessuuf bahe qoratee koree dhaabbata dhimmi ilaallatuuf niqajeelcha jedhamee akka eegamu odeeffannoon mana maricharraa argame nimul’isa.
Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaand dameelee tumsaa addaddaatiin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf nihojjetu
Mar 18, 2024 382
Bitootessa 09/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaand hariiroo dippilomaasii waggoota hedduuf ture dameelee tumsaa addaddaatiin cimsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaanii ibsan. Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee gitasaanii Siwiizarlaand Itiyoophiyaa daawwachaa jiran Iignaaziyoo Kaasiis waliin hariiroo biyyoota lamaanii akkasumas dhimmoota qaxanaa fi idil addunyaarratti mari’ataniiru. Ministiroonni biyyoota lamaanii mariin booda ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaand dameelee tumsaa addaddaatiin hariiroosaanii cimsuuf akka hojjetan mirkaneessaniiru. Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee ibsa Kanaan, biyyoonni lamaan hariiroo dippilomaasii waggoota dheeraa ture qabu jedhaniiru. Kaampaaniiwwan Siwiizarlaand hedduun Itiyoophiyaa keessatti invast gochuusaanii eeranii tumsa kana caalaatti cimsuuf waliigalteerra gahamuu ibsaniiru. Waliigalteewwan Kanaan dura biyyoota lamaan jidduutti taasifaman hojiirra oolchuufis akkasuma. Gama biraatiin waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa, raawwii komishinii haqa cehumsaa fi maree biyyaalessaa urratticiminaan mari’achuusaaniikaasaniiru. Ministirri dhimma alaa Siwiizarlaand Iignaaziyoo Kaasiis gamasaaniin, michooma dippilomaasii biyyoota lamaanii cimee akka itti fufu waliigalleerra jedhan. Itiyoophiyaan misooma, nageenyaa fi tasgabbii Afriikaaf biyya qooda olaanaa qabdu ta’uushee ibsaniiru. Siwiizarlaand dhimmoota daldalaa, invastimantii fi godaansaarratti Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechaa akka jirtu dubbataniiru. Daawwannaan kun michooma seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaand yeroo dheeraaf ture ciminaan ittifufuuf kan kaayyeffate ta’uu kaasaniiru.
Gareen hoggantoota mootummaa federaalaa hojii misoomaa Godina Walloo Kibbaatti hojjetamaa jiru daawwate
Mar 18, 2024 65
Bitootessa 9/2016 (TOI) - Gareen hoggantoota mootummaa federaalaa Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluun durfamu hojiiwwan misoomaa Godina Walloo Kibbaatti hojjetamaa jiran daawwate. Bu’uura kallattii mootummaan kaa’een sadarkaa biyyaatti hojiiwwan misoomaa fi hooggansa bulchiinsa gaarii naannoolee biyyatiitti hojjetamaa jiranii daawwaana dirree fi hordoofiin hoggantoota mootummaa Federaalaan geggeeffama jira. Qabeenyaa fi haalota mijatoo naannolee biyyatti hunda keessa jiru karaa sirrii ta’een fayyadamuu akka danda’amuu fi komii ka’aa jiru hawaasa waliin walitti dhiyeenyaan hiikuuf mootummaan hojiilee hedduu hojjechaa jira. Haaluma kanaan gareen hoggantoota mootummaa federaalaa Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa doktar Laggasaa Tulluun durfamus hojii misooma godina Walloo Kibbaatti hojjetama jiru daawwateera. Daawwannaa isaanii kanaanis Misooma Qamadii jallisaa waqtii bonaa, misoomaa fi eegumsa qabeenya uumamaa, hojii sagantaa maaddii Guutuun hojjetaman, Carraa hojii uumuufi hojiiwwan misooma biroo godinichatti hojjetama jiru daawwachuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Amaaraarra agame ni mul'isa.
Gareen deeggarsaafi hordoffii Jila hooggantoota mootummaa Federaalaa Obbo Addisuu Araggaan durfamu hojiiwwan misoomaa Godina Koonsoo aanaa Kaaraatitti hojjatamaa jiran daawwate.
Mar 18, 2024 71
Bitootessa 9/2016(TOI) - Gareen deeggarsaafi hordoffii Jila hooggantoota mootummaa Federaalaa Obbo Addisuu Araggaan durfamu hojiiwwan misoomaa Godina Koonsoo aanaa Kaaraatitti hojjatamaa jiran daawwateera. Omishaafi oomishtummaa dabaluuf hojiileen sagantaa maaddii guutuun hojjetamaa jiran misoomni Qullubbii diimaafi adii akkasumas misoomni Muuzii daawwatameera. Daawwannaa kanaanis qonnaan bultoonni caalaatti akka oomishaniif meeshaaleen bishaan lafa jalaa baasuuf oolan akka barbaachisaan garichi taajjabeera. Hooggantoonni hojii olaanoon federaalaas hojiin hojjatamaa jiru jajjabeessaa ta’uu eeranii misooma jallisii bonee waliin walqabatee caalaatti hojjachuu akka barbaachisuu eeraniiru.

Hawaasummaa
Meedikaal Kolleejiin Yekkaatiit 12 barattoota 202 digirii jalqabaa fi lammataan barsiise eebbisiise
Mar 16, 2024 1227
Bitootessa 07/2016(TOI)- Meedikaal Kolleejiin Yekkaatiit 12 barattoota 202 marsaa 7ffaan leenjise digirii jalqabaa fi lammataan eebbisiiseera. Barattoonni kunneen 65 doktaroota waldhaansaa, 49 waldhaantota isoeeshaalistii fi 88 saayinsii fayyaa hawaasaan kan leenji’an ta’uun ibsameera. De’eetaan ministira fayyaa doktar Ayyalee Tashoomee,, ittigaafatamaan biiroo fayyaa Finfinnee doktar Yohaannis Caalaa, ittigaafatamaan biiroo barnootaa magaalaa Finfinnee doktar Zalaalam Mulatuu fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Kolleejichi waggaa 13 dura barumsa ogummaa waldhaansaa kennuu kan jalqabe yoo ta’u, damee Kanaan waggaatti baratoota kuma 1 fi 500 ta’an digiii jalqabaarraa amma sab ispeeshaalistiitti barsiisaa akka jiru odeeffannoowwan nimul’isu. Kolleejichi waggoota hanan dhufan gara yunivarsiitii kolleejiitti guddachuuf tajaajila waldhaansaa fi damee barumsa Kanaan kennu yeroo yerootti bal’isuu fi ammayyeessuurratti argama.
Dhaabbanni qorannoo fi qu’annoo Itiyoophiyaa hambaalee fi kennaawwan galtee qorannoo fi faayidaa addaddaa qaban fudhate
Mar 15, 2024 441
Bitootessa 06/2016(TOI)- Yuunivarsiitii Finfinnee jalatti kan argamu dhaabbanni qorannoo fi qu’annoo Itiyoophiyaa hambaalee fi kennaawwan addaddaa galtee qorannoof faayidaa qaban fudhate. Dhaabbatichi kanneen kan fudhate namoota biyya keesaa fi alaa addaddaa yoo ta’u, qorannoo seenaa fi agarsiisaaf kan oolan kan bararraa baratti darbandha jedhameera. Kanneen keessaa saantimoota bara jiddugaleessaa, suuraa fi dokimantoota mootii Hayilasillaasee jalqabaa akkasumas kitaabolee fi meeshaalee biroo fudhateera. Kennaawwan keessaa albamoota suuraa sadii suuraawwan ogeeyyota suuraa Jarmanoota jaarraa 20ffaa keessa Itiyoophiyaa keessa waggaa dheeraaf jiraataniin kaafamanii fi maalummaa bara Sanaa agarsiisan kan ofkeessaa qaban akkasumas fiilmii bara 1973 waraabamee fi piroofeesara Jarman Niil Munooroon kennaman keessatti argama. Akkasumas maallaqni/saantimoonni bara jiddugaleessaa 22 kan doktar Huseen Sayidii fi obbo Wandimmaaganyoo Gizaawuun sassaabama, suuraawwan gaazexessaa beekamaa Geetaachoo Tadlaa 65, Paaspoortii fi sanadoonni mootii Hayilasillaasee akkasumas kiitaabonni 300 ol keessatti argamu. Daarektara dhaabbata qorannoo fi qu’annoo Itiyoophiyaa doktar Taakkalee Mar’iid dabalatee hayyoonni yunivarsiitii bakka argamanitti galma Raas Mokonnonitti sirni walharkaa fuudhiinsaa taasifameera. Namoota kennaa kana gumaachaniif dhaabbatichi beekamtii kenneera.
Godina Wallaggaa Lixaatti hojiileen bu’ura misoomaa barnootaa birrii miiliyoona 676’n hojjetamaniiru
Mar 15, 2024 112
Bitootessa 06/2016(TOI)- Bara kana godina Wallaggaa Lixaatti birrii miiliyoona 676’n hojiileen bu’ura misoomaa barnootaa hojjetamuusaanii waajjirri barnootaa godinichaa beeksise. Ittigaafatamaan waajjirichaa obbo Tsaggaayee Immaanaa TOI’f akka ibsanitti, qondoomina mootummaa fi umma godinichaatiin baatiiwwan toorban darban ijaarsi, suphaa, haaromsii dhaabbilee barnootaa fi hojiileen Kanaan walqabatan hojjetamaniiru. Godinichatti qaqqabiinsaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaman keessaa manneen barnootaa idileen duraa 149, kutaalee barnootaa 459 fi manneen jireenyaa barsiisotaa ijaaramaniiru. Kana malees manneen qulqullinaa dubartootaaf tajaajilan 274 ijaaramuu dubbataniiru. Akkasumas teessoon barattootaa kuma 5 fi 400 guutamuu fi manneen jireenyaa barsiisotaa 767 haaromfamuu obbo Tsaggaayeen ibsaniiru. “hojiileen bu’ura misoomaa manneen barnootaarratti hojjetaman dhaloota boruu horachuuf akka dandeessisan hubachuun qooda koo bahaan jira” kan jedhan jiraataa aanaa Laaloo Assaabii obbo Tasfaayee Salamoonidha. Fuulduras yaalii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamu akka deeggaran mirkaneessaniiru. Jiraataan magaalaa Najjoo obbo Caalumaa Abdataa hojii manneen barnootaa deebisanii dhaabuuf hojjetaman keessatti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Hojiin naannawasaaniitti hojjetamaa jiran “yaalii qulqullinaa fi guddina barnootaaf mootummaan jalqabame hawaasni yoo itti hirmaate jijjiirama barbaadamu fiduun akka danda’amu bu’agarsiiseera” jedhaniiru. Hawaasni mootummaa cinaa dhaabachuun dhaloota boruu barumsaan qaruuf sochii taasifamu keessatti ittigaafatamasaa akka bahu hubachiisaniiru.
Jiddugaleessi haaromsaa fi gabbisa dandeettii dubartootaa tajaajilaaf nibanama- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 14, 2024 299
Bitootessa 05/2016(TOI)- Jiddugaleessi haaromsaa fi gabbisa dandeettii dubartootaa kaareemeetira kuma 100 irratti kan ijaarame tajaajilaaf akka banamu Kantiibaan bulchiinsa nagaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech Abeebee odeeffannoo fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin jiddugaleessichi keessuma dubartoota daldala saalquunnamtiirratti bobba’an ofitti fudhachuun deeggarsa ogummaa fi xiin-sammuu, hordoffii fi leenjii akka argatan gohuun hojii akka hojjetan kan taasisu ta’uu eeraniiru. Marsaa tokkoon dubartoota kuma 10 leenjisuu akka danda’us eeraniiru. Dubartoonni kunneen turtiisaaniitiin deeggarsa xiin-sammuu argataniin alatti ogummaa miidhaginaa, qonna magaalaa, qophii nyaataa, eegumsa miidhagina magaalaa, ogummaa kompiitaraan laanjii kennuun hojii akka jalqaban nitaasifama jedhameera. Dabalataanis hojii daa’ima kunuunsuu, keessummeessuu, hojii rifeensaa, elektiriikii fi hojii suphee, hojiiwwan mukaa hojii uffata hodhuu fi dameelee hojii birootiin leenjii kennuun hojii akka jalqaban nitaasifna jedhaniiru. Jiddugaleessichi kutaalee ciisichaa, mana kitaabaa, jiimnaaziyeemii,galmoota nyaataa mijaawaa, mana nyaanni itti qophaa’u ammayyaa, jiddugaleessa waldhaansaa ammayyaa akka qabu ibsameera. Pirojektiin guddaan kun bakka shaakallii fi Jiddugaleessa hojjetanii itti agarsiisan, laawundarii, jiddugaleessa oolmaa fi kunuunsa daa’immanii, kutaa hordoffii fi ga’ummaa guddinni sammuu daa’immanii itti hordofamuu akkasumas dirreewwan ispoortii kan qabudha.
Diinagdee
Wixineen labsii qabiyyeen lafaa ittigadhiifamuu fi beenyaan ittikafalamu koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelfame
Mar 19, 2024 0
Bitootessa 10/2016(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii qabiyyeen lafaa ittigadhiifamuu, beenyaan ittikafalamuu fi kanneen lafarraa ka’an itti dhaabbatan koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelche. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 18ffaa har’a taa’eera. Walgahii Kanaan wixinee labsii fooyyessa qabiyyeen lafaa ittigadhiifamuu, beenyaan ittikafalamuu fi kanneen lafarraa ka’an itti dhaabbatan ilaalchisuun qophaa’erratti marii bal’aa taasiseera. Barbaachisummaa wixinee labsichaa ilaalchisuun mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa olaanaa mootummaa obbo Tasfaayee Beeljigee, miseensota mana mareef ibsa taasisaniiru. Ibsa kanaanis labsichi kanneen misoomaaf jecha lafarraa kaafaman kafaltiin beenyaa barbaachisu raawwachuu akkasumas rakkoo harkifannaa misoomaa furuuf akka ta’e himaniiru. Wixineen labsii haaraan faayidaa ummataaf jecha hojmaata qabiyyeen lafaa ittigadhiifamu, beenyaan ittikafalamuu fi kanneen lafarraa kaafaman deebi’anii itti dhaabbatan kan si’achiisu ta’uu ibsaniiru. Wayita hojiileen misoomaa hojjetaman qabeenya tilmaamuun, kafaluu fi kaasuun naannolee fi bulchiinsota magaalaaf kan kennamu ta’uusaas eeraniiru. Adeemsa hojmaataatiin miira abbummaa uumuu fi sirna hojmaataa si’ataa diriirsuuf akka ta’e ibsameera. Manni marichaa wixinee labsichaarratti erga mari’atee booda tokko tokkoon akka ilaalamuuf koreewwana dhaabbataa dhimmoota bu’ura misoomaa magaalaa fi geejjibaa fi seeraa fi haqaaf qajeelcheera.
Paarkiin Industiriyaalii Hawaasaa oomishoota gabaa alaaf dhiheesserraa doolaara miiliyoona 20 argate
Mar 19, 2024 7
Bitootessa 10 /2016 (TOI)- Paarkiin Industiriyaalii Hawaasaa baatiiwwan jahan darban oomishoota addaddaa gabaa alaaf dhiheesserraa doolaara miiliyoona 20 argachuusaa ibse. Hojiigaggeessaan olaanaa paarkii industiriyaalii Hawaasaa obbo Maatiyoos Ashannaafii TOI’f akka ibsanitti, bara 2016 oomishtoonni huccuu fi uffataa idil addunyaa paarkicha keessatti akka hojjetan sosochiin taasifameera. Haala Kanaan oomishtoonni huccuu fi uffataa idil addunyaa paarkicha keessatti hojjechuuf waliigaltee raawwachuusaanii dubbatanii,kudha sagal hojii jalqabuusaanii ibsaniiru. Kanneen keessaa dhaabbileen gabaa Awurooppaa fi Afriikaa keessatti socho’an akka keessatti argaman eeraniiru. Bara bajataa kana oomishoota gabaa biyya alaaf dhihaatan irraa galii doolaara miiliyoona 44 argachuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsanii baatilee jaahan darban oomishoota biyya alaatti ergamanirraa doolaarri miiliyoona 20 argameera jedhan. Gama biraatiin paarkiin industiriyaalii Hawaasaa hojiilee hawaasa naannoo fayyadamoo taasisan hojjechuusaa kaasanii, fakkeenyaaf lammiileen kuma 25 ol ta’an dhaabbilee gurguddoo Isiyaatti argamanitti muuxannoo argachuun beekumsa dandeettii fi teeknooloojii argachuusaanii dubbataniiru.
Waggoota jijjiiramaan asitti naannoo Beeniishaangul Gumuzitti naannawoota naannichaa hundatti misoomaaf haalli gaariin uumameera-bulchaa bulchiinsaa Ashaadlii Hasan
Mar 19, 2024 9
Bitootessa 10/2016(TOI)- Waggoota jijjiiramaan asitti naannoo Beeniishaangul Gumuzitti naannawoota naannichaa hundatti misooma adeemsisuuf haalli gaariin uumamuusaa bulchaan bulchiinsa naannichaa Ashaadlii Hasan ibsan. Sochii waggoota jijjiiramaa darbanitti biyyattiitti adeemsifameen rakkoolee qolachuun dameelee dinagdee hawaasummaa fi kanneen birootiin hojiileen milkaa’oon hojjetamaniiru. Keessumaa pirojektoota hidha haaromsaa fi gurguddoo ijaaruun hojiileen badhaadhina biyyattii mirkaneessan addaddaa hojjetamaa jiru. Waggoota jijjiiramaatti naannawoota biyyattii hojiileen milkasa’inaa keessatti raawwatamee fi raawwatamaa jiru keessaa naannoon Beeniishaangul Gumuz isa tokkodha. Bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Ashaadlii Hasan turtii Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka ibsanitti, yeroo ammaa naannawoota naannichaa hundatti hojiilee misoomaa, bulchiinsa gaarii fi hojiilee biroo hojjechuuf haalli mijataan uumameera. Keessumaa aadaan paartilee dorgomtootaa waliin tumsaan hojjechuuf jalqabame naannoo Beeniishaangul Gumuzitti hojeeffamee bu’a qabeessa ta’uusaa eeraniiru. Kun ammoo miseensonni paartilee dorgomtootaa beekumsaa fi dandeettiisaanii faayidaa ummataaf akka oolchan carraa uumeera jedhan. Dhaabbilee naannichatti aanaarraa amma naannootti ramadamanii akka hojjetan ittigaafatamni kennamuufii akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Yoo waltaane nibadhaadhomna kan jedhan bulchaan bulchiinsaa kun, imala badhaadhinaa jalqabne galmaan gahuun dhimma jireenyaa fi jiraachuu dhabuu ta’a jedhaniiru. Rakkoon nageenyaa naannichatti qaqqabe hojii qindoominaan hojjetameen furuun akka danda’ame obbo Ashaadliin dubbataniiru. Mootummaa fi ummanni naannichaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, humnoonni nageenya sadarkaan jiranii fi mootummaan federaalaa qindoominaan tumsuunsaanii naannichatti nagaan buhuusaa mirkaneessaniiru. Mootummaan naannichaa tarsiimoo yeroo dheeraa fi gabaabaa baasuun bajata, loojistiiksii fi humna namaa olaanaa ramaduun hojii deebisanii dhaabuu waaraa raawwachaa akka jiru beeksisaniiru. Mootummaan naannichaa fuuldura keessumaa rakkoo hawaasaa ijoo kan ta’e qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu dabalatee gaaffilee bu’uraa deebisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu kaasaniiru. Hojiileen jijjiiramaa jalqabaman akka ittifufanii fi guddinni biyyattii akka mirkanaa’u tumsaa fi walgargaarsaan hojjechuun akka barbaachisudubbataniiru.
Tajaajilli elektiriikii Itiyoophyaa haaromsa waliigaltee lakkooftuu waggoota shaniif tajaajilu amma Waxabajjii 30 bara 2016tti dheeresse.
Mar 18, 2024 40
Bitootessa 09/2016(TOI)-Tajaajilli elektiriikii Itiyoophyaa haaromsa waliigaltee lakkooftuu amma Waxabajjii 30 bara 2016tti dheeressuusaa ibse. Dhaabbatichi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu fi ittigaafatama buusuuf haaromsa waliigaltee kana Sadaasa 1 amma Bitootessa 30 bara 2016tti ture raawwachuuf karoorsee hojii kan eegale. Haata’u malee haaromsa lakkooftuu kana amma Waxabajjii 20 bara 2016tti dheeressuun barbaachisuusaa daarektarri korporeetii dhaabbatichaa Malaakuu Taayyuu Toi’f kan ibsan. Haaromsi waliigaltee kun mamiltoota lakkooftuu erga fudhatanii booda waggaa shanii ol ta’a qofa kan ilaallatu ta’uu dubbatanii, haaromsichaaf kafaltiin akka hingaafatamne eeraniiru. Kanaaf maamiltoonni jiddugaleessa tajaajila elektiriikii isaanitti dhihoo jiru dhaquun yeroo kenname keessatti waliigaltee haaromsaa akka raawwatan waamicha taasisaniiru. Sadaasa 1 bara 2016 irraa kaasee maamiltoonni kuma 21 ol waliigaltee haaromsuusaanii tajaajilichi ibseera. Haaromsi waliigaltee kun maamiltoota lakkooftuu qaama hinbeekamneef dabarsan, hanna anniisaa hambisuuf akkasumas rakkoo addaan ciccituu anniisaa salphisuuf akka gargaaru eeraniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf damee dhuunfaa waliin tumsaan nihojjeta-doktar Saamu’eel Kiflee
Mar 19, 2024 9
Bitootessa 10/2016(TOI)- Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf galmoota qabaman keessaa damee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan nihojjechuun isa tokko akka ta’e pirezidaantiin eeggataa yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee ibsan. Yuunivariitichii fi gareen Faariis Teeknooloojii hojii qorannoo fi kalaqaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Pirezidaantiin eeggataa Yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee fi hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariis Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw waliigalticha mallatteessaniiru. Doktar Saamu’eel wayita kana akka jedhanitti galmoota yuunivarsiitichi tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf qabaman keessaa dameelee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan hojjechuun isa tokkodha jedhaniiru. Waliigalteen garee teeknooloojii Faariis waliin taasifame qaama tarsiimichaa ta’uu eeranii, qorannoo fi qu’annoon akkasumas kalaqarratti tumsaan nihojjeta jedhaniiru. Pirezidaantiin eeggataa kun akka jedhanitti waliigaltichi yaalii yaada kalaqaa barattootaa qabeenyatti jijjiiruuf taasifamuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariif Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw gamasaaniin Yuunivarsiitiin Finfinnee dandeetti guddaa qabu fayyadamuuf waliigaltichi carraa gaarii ta’uusaa dubbataniiru. Garuchi pirojektoota teeknooloojiin walqabatan bocee hojjechaa akka jiru eeranii, waliigaltichi bu’a qabeessummaa teeknooloojii caalaatti niguddisa jedhaniiru.
Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesse
Mar 8, 2024 104
Guraandhala 29/2016(TOI)- Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesseera. Waliigalteen kun garaagarummaa sirna –saalaa dijitaalaa dhiphisuu fi hammattummaa dijitaalaa dubartootaa guddisuu akka dandeessisu eerameera. Hojii raawwachiiftuun muummee Itiyoo telekoom Fireehiwoot Taammiruu fi hooggantoota inisheetiivichaa waliin Ispeen Baarsaloonaatti waliigalticha mallatteessuusaanii odeeffannoo Itiyoo telekoomirraa argame nimul’isa. Waliigaltichi fayyadama intarneetii moobaayilii fi tajaajila maallaqa moobaayilii karaa teeleebirrii dubartootaa akka lakkoofsa Awurooppaa amma bara 2026tti guddisuuf akka ta’ee fi tajaajila intarneetii moobaayilii fi faayinaansii dijitaalaa hammataa dhiheessuuf kan xiyyeeffate dha. Adde Fireehiywoot akka jedhanitti kaampaanichi hanqina sirna saalaa dijitaalaa amma mul’atu dhiphisuuf tajaajilootaintarneetii moobaayilii fi faayinaanshaalii moobaayilii dubartootaan gahuuf dubartoonni dinagdee dijitaalaa keessatti hirmaattotaa fi fayyadamooakka ta’an kutannoon hojjechaa akka jiru ibsameera.
Dhaabbannii Oovid Guruup jedhamu Finfinneetti Teeknooloojiin ''Cable Car'' jedhamu hojiirra oolchuuf ta'uu beeksise.
Mar 7, 2024 122
Guraandhala 28/2016(TOI) - Dhaabbannii Oovid Guruup jedhamu Finfinneetti Teeknooloojii tajaajila geejibaaf ooluu konkolataa funyoonii (Cable Car) hojiitti galchuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera.. Dhaabbannii Oovid Guruup jedhamu kan damee ijaarsaa irratti magaalaa Finfinneetti ba'inaan bobba'ee jiru rakkoo geejjibaa magaalittii furuuf hojjetaa jiraachuu beeksiseera. Hoji gaggeessaa olaanaan Ooviid Guruup Obbo Yoonaas Taaddasaa akka jedhanitti rakkoo geejjibaa jiraattota magaalitti hiikuuf teeknooloojii kana hojiitti galchuuf qorannoon hundaa xumurreera. Tekinolojiin kun sarara Konkolaataafi Baaburaa magaalatti keessatti diriirfame jiru osoo hin tuqiin hojii kan eegalu ta'uus Obbo Yoonaas dubbataniiru
Sirni teessoo dijitaalaa magaalaa Bishooftuutti hojeeffame
Feb 22, 2024 222
Guraandhala 14/2016(TOI)-Sirni teessoo dijitaalaa saayinsii ispeesiitiyoophiyaa fiinistiitiyuutii Ji’-spaashaaliin hojjetame har’a magaalaa Bishooftuutti eebbifamee hojii jlqabeera. Ministirri innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa dabalatee daarektarri olaanaa inistiitiyuutii saayinsii speesii fi ji’oo–spaashaalii Abdiisaa Yilmaa, kantiibaan magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa, keessummoonni afeeramansagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamaniiru. Sirni teessoo dijitaalaa har’a eebbifamee jalqabame dhaabbilee fi manneen jireenyaa magaalattiitti argaman eessatti akka argaman beekuuf akka gargaaru eerameera. Bulchiinsa lafaa fi odeeffannoowwan magaalattii biroo ammayyeessuuf akka dandeessisuu fi walitti dhufeenya dhaabbilee tajaajila kennanii fi tajaajilamtootaa mijataa akka taasisu akka ta’e himameera. Sirni teessoo dijitaalaa tajaajiloota bulchiinsaa, dinagdee fi hawaasummaa karaa si’ataa ta’een hunda biraan gahuuf kan dandeessisudha jedhan. Sochii jiraattonni iddoorraa iddootti taasisdan hir’isuuf, si’ataa gochuu fi bittaa fi gurgurtaa elektirooniksii dhugoomsuuf qooda olaanaa akka gumaachu eerameera. Sirni kun kenniinsa tajaajilaa magaalotaa si’achiisuu dabalatee sochii hawaasummaa fi dinagdee ammayyeessuuf akka gargaaru ibsameera. Ijaarsa sirna dinagdee dijitaalaa qulqullinaa fi si’aayina barbaachisuun hojeessuuf akka dandeessisus beekamera. Walumaa gala nageenya waa hundaa lammiilee eeguun guddina hawaasummaa fi dinagdee biyya tokkoof gumaacha guddaa akka qabaatu ibsameera.
Ispoortii
Fiigicha dubartootaa meetira kuma 5'n Atileetonni Itiyoophiyaa injifatan
Mar 19, 2024 12
Bitootessa 10/2016(TOI) -Tapha guutuu Afrikaa 13ffaan Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiruun Fiigicha dubartootaa meetira kuma 5'n Atileetonni Itoophiyaa injifataniiru. Atileet Madiinaa Iisaa dursummaan xumuruun meedaliyaa warqee argatteetti. Atileet Burtukaan Mollaa 2ffaa, Atileet Malkinaat Wudduu sadarkaa 3ffaan biyya isaaniif Meetiifi Naasa argamsiisuu isaanii ragaan Federeeshinii Atileetiiksii Itiyoophiyaarraa argame ni muli'isa.
Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa toree 18ffaa har’a jalqabamu
Mar 14, 2024 79
Bitootessa 05/2016(TOI)-Sagantaan piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 18ffaa taphoota lama har’a taphatamaniin ni’eegala. Tapha Istaadiyeemii Dirreedawaatti taasifamu Kanaan magaalaan Bahaardaar buna Itiyoophiyaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti nitaphatu. Magaalaan Bahaardaar taphoota piriimer liigii shan walitti aansuun taphateen lama mo’atee lama mo’atamee altokko ammoo walqixa baheera. Qabxii 26’n sadarkaa 6ffaarratti argama. Morkataansaa Bunni Itiyoophiyaa taphoota piriimer liigichaa shan walitti aansuun taphateen sadii mo’atee altokko mo’ameera. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 29’n sadarkaa 4ffaarratti argama. Tapha torbee 18ffaa jalqabaa biraatiin Hambarichoo Duraamee magaalaa Adaamaa waliin magaalaa Adaamaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Hambarichoo duraamee hirmaannaasaa jalqabaa Kanaan tahoota piriimer liigii shan walitti aansuun taasiseen afur mo’amee altokko walqixa baheera. Qabxii 7’n sadarkaa xumuraa 16ffaa irratti argama. Morkataansaa magaalaan Adaamaa taphoota piriimer liigii shan walitti aansuun taphateen altokko mo’atee tokko mo’atamee sadii walqixa baheera, Qabxii 24’n sadarkaa 8ffaarratti argama. Boru guyyaa keessaa sa’aatii 10tti magaalaan Dirreedawaa magaalaa Hawaasaa,liigicha dursaa kan jiru baankiin daldala Itiyoophiyaa sadarkaa sadaffaarra kan jiru Machaal waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 18ffaa amma Bitootessa 8 bara 2016tti nitura. Baankiin daldala Itiyoophiyaa qabxii 36’n liigicha dursaa jira.
Shaampiyoonaa mana keessaatiin Itiyoophoiaan Afriikaarraa tokkoffaa addunyaarraa shanaffaa ta’uun xumurte
Mar 4, 2024 162
Guraandhala 25/2016 (TOI)- Atileetiksii addunyaa 19ffaa Shaampiyoonaa mana keessaatiin Itiyoophoiaan Afriikaarraa tokkoffaa addunyaarraa shanaffaa ta’uun xumurteetti. Shaampiyoonaan addunyaa 19ffaa mana keesdsaa Skootlaand Gilaaskootti adeemsifamaa ture kaleessa galgala xumurameera. Atileetinni biyyoota addaddaarraa walitti dhufan 650 ol dorgommiharratti kan hirmaatan yoo ta’u, Itiyoophiyaan meetiras 800’n meetira 1500 fi meetra 300’n dubartoota 8 fi dhiirota 5’n walumaa gala atileetota 13’n hirmaatteetti. Shaampiyoonaa Kanaan Itiyoophiyaan meetira 800 dubartootaanTsiggaa Dhugumaa fi meetira 1500 dubartootaan Fireewayinii Hayiluu meedaaliyaa Warqee argataniiru. Meetira 3000 dubartootaan Gudaaf Tsaggaayee meedaaliyaa meetii akkasumas meetira 3000 dhiiraan Salamoon Baaraggaa Itiyoophiyaaf meedaaliyaa Naasaa argamsiisuusaaniiodeeffannoon federeeshinii atileetiiksii Itiyoophiyaa nimul’isa. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa Kanaan Warqee lama Naasa tokkoo fi Meetii tokkoon walumaa gala meedaaliyaa afuriin Afriikaarraa tokkoffaa addunyaarraa shanaffaa bate xumurteetti.
Shaampiyoonaa Atileetiksii qaxxaamura biyyaa Afriikaatiin Itiyoophiyaan lammaffaa baatee xumurte
Feb 26, 2024 189
Guraandhala 18/2016 (TOI)- Shaampiyoonaa Atileetiksii qaxxaamura biyyaa Afriikaa 6ffaa Tuuniiziyaa Hamaamaatitti adeemsifameen Itiyoophiyaan lammaffaa baatee xumurte Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 11 shaampiyoonaa kanarratti hirmaataniiru. Itiyoophiyaan dubartootaa shamarree kiiloomeetira 6, dargaggoo dhiiraan kiiloomeetira 8, ga’eesota dhiiraa fi dubartii kiiloomeetora 10 fi riilee walmakaa walumaa gala atileetota 28’n hirmaateetti. Dorgommii Kanaan dhuunfaa fi gareen Warqee 2, meetii 5 fi naasa 3’n walumaa gala meedaaliyaa argachuun lammaffaa ta’uun xumuruushee odeeffannoon federeeshinii Atileetiiksiirraa argame nimul’isa. Dorgommii Kanaan Keeniyaan tokkoffaa bahuun xumurteetti
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatan fi nageenyi hidhaawwanii akka eegamu qooda olaanaa bahaa jira
Mar 16, 2024 59
Bitootessa 07/2016(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatan fi nageenyi hidhaawwanii akka eegamu qooda olaanaa bahaa jakka jiru ministirri bishaanii fi inarjii doktar injiinar Haabtaamuu Ittafaa ibsan. Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lamaan biqiltuuwwan biiliyoona 50 dhaabuuf karoorsitee hojjechaa kan jirtu yoo ta’u bara 2011 irraa kaasee biqiltuuwwan biiliyoona 32 tuqaa 5 dhaabamaniiru. Ministirri bishaanii fi inarjii doktar injiinar Haabtaamuu Ittafaa akka ibsanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa burqaaleen sababa jijjiirama haala qilleensaatiin goganii ture akka gabbatan gumaacha olaanaa taasisaa jira. Ammi bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka dabalu qooda olaanaa bahaa jiraachuun olitti dhiqama biyyoo ittisuun hidhaawwan dalaliin akka hinguutamne taasisuusaa kaasaniiru. Gama biraatiin sagantaan ashaaraa magariisaa balaa ongee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin uumamaa jiru ittisuuf gargaaraa jira jedhaniiru. Haata’u malee balaawwan ongee naannawoota biyyattii addaddaatti mudatan damdamachuuf mootummaan pirojektoota addaddaa hojeessuu jalqabuusaa dubbataniiru. Aanaalee biyyattii 80 ol keessatti pirojektoonni bishaan lafa keessaa fi lafarraa ijaaramuusaanii ibsaniiru. Kana malees mootummaan bishaan dhugaatii qulqulluu lammiileen gahuuf kutannoon hojjechaa akka jiru eeranii, pirojektoonni duubatti harkifatan akka xumuraman xiyyeeffannoo addaa kennuusaa himaniiru.
Hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii bona hojjenne wabii nyaataa mirkaneessuuf nugargaareera-qonnaan bultoota Gujii
Mar 14, 2024 75
Bitootessa 05/2016(TOI)- Hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii bona hojjetan wabii nyaataa mirkaneessuuf isaan gargaaraa akka jiru qonnaan bultoota godina Gujiii bsan. Ummanni godinichaa baatiiwwan lamaan darban hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii birrii miiliyoona 72tti tilmaamamu hojjetamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksiseera. Aanaa Anaasooraatti jiraataan ganda Buliyyoo Hirbaayee Baarettoo hojiin eegumsa biyyii fi bishaanii bardheengaddaa hojjetan abdii akka irraa horatan dubbataniiru. Biqiltuuwwan dhaaban irra caalaan akka qabatanii fi bona baranaa burqaan osoo hingogiin turuusaanii himaniiru. Aanichatti jiraataan ganda Raayyaa Boddaa obbo Gammadaa Sooraa akka jedhanitti, sababoota addaddaatiin rakkoon nyaata ba eelladaa deddeebi’ee isaan mudata. Burqaaleen waan goganiif beelladarratti miidhaan guddaan niqaqqaba jedhaniiru. Rakkoo kana dura namudaterraa baradheera jedhamii, burqa gabbisuun hojii hidha biyyoo fi qophii biqiltuu ashaaraa magariisaarratti torbanitti guyyaa sadii hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Waajjira qonnaa godinichaatti dursaan garee qabeenya uumamaa obbo Wandoo Sharbotee baatii Amajjiirraa kaasee godinichatti hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamaa jiruun hojiileen birrii miiliyoona 72tti tilmaamamu akka hojjetaman yaadachiisaniiru. Lafti rakkoo uumamaa fi namtolcheen miidhame heektaara kuma 100 olitti tilmaamamu biqiltuun uwwifamuu fi kutaaleen hawaasaa kuma 133 ol hirmaachuu ibsaniiru.
Ganna dhufu naannoo Oromiyaatti biqiltuun fuduraa miiliyoona 500 nidhaabama
Mar 8, 2024 104
Guraandhala 29 / 2016(TOI)- Sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuutiin naannoo Oromiyaatti biqiltuun fuduraa nyaata namaaf oolu miiliyoona 500 akka dhaabamu biiroon qonnaa naannichaa ibse. Akka biyyaatti biqiltuun akaakuu addaddaa biiliyoona 6 tuqa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru beekameera. Hoogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu akka jedhanitti, ganna dhufu ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan addaddaa dhaabuuf qophiin taasifamaa jira. Biqiltuu ganna dhifu dhaabuuf karoorfame keessaa amma ammaatti dhibbantaan 80 ol eeranii, biqiltuu fuduraaf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru. Avokaadoo, appilii, maangoo, burtukaana fi anaanaasii akkasumas barana yeroo jalqabaaf biqiltuun temirii akka dhaabamu qophiin taasifamuun beekameera. Sagantaa baranaatiin fuduraan nyaataaf oolu miiliyoona 500 akka dhaabamu ibsameera. Biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman haala qilleensaa akka eeganii fi biyyoo fi bishaan akka eegan dubbataniiru. Biqiltuun ganna darbe Harargee bahaa sulula gaara Giileerratti dhaabame guutummaatti qabachuu ibsanii bakkeewwan biroottis haala gaariirra akka jiru dubbataniiru. De’eetaan ministira qonnaa piroofeesar Iyyaasuu Eliyaas gamasaaniin barana akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Amma ammaatti biqiltuun biiliyoona 4 tuqaa 8 fi lafti heektaara miiliyoon 1 tuqaa 8 qophaa’uu himaniiru.
Hojiileen misooma fi eegumsa qabenya uumamaa naannoo Oromiyaatti jijjiirama idaniiru- Biiroo qonnaa
Feb 21, 2024 202
Guraandhala 13/2016 (TOI) - Hojiileen misooma fi eegumsa qabenya uumamaa naannoo Oromiyaatti xiyyeeffannaan hojjetamuusaatiin fayyadama dinagdee ummataa mirkaneessaa dhufuusaa ittigaafatamaan waajjira qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu dubbatan. Ittigaafatamaan waajjira qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu hojiilee misooma sululaa godina Harargee Bahaa aanaa Guraawwaatti hojjetamaa jiran ilaalaniiru. Obbo Geetuun ayita kanatti akka jedhanitti, hojiileen misooma sulula naannichaa bal’ina lafaa fi baay’ina ummata hirmaatuun wggaa wggaatti guddachaa dhufeera. Ummanni wayitii bodaa lafa qullaatti hafe misoomsuun oomishaa fi oomishtummaan dabalaa dhufeera, itti fayyadamnisaas guddachaa dhufuu ibsaniiru. Dargaggoonni sululoota misoomanirratti carraa hojii argachuun misooma dammaa, kuduraa fi muduraa misoomsuu, loon gabbisuu fi hojiilee birootiin fayyadamaa ta’uusaanii himaniiru. Wayitii bonaa baranaatiin naannichatti hojiin egumsa biyyoo fi bishaanii kiiloomeetira miiliyoona 1 tuqaa 2f gargaaran hojiileen hidhaa fi istiraakcharii hojjetamaa akka jiran obbo Geetuun eeraniiru, amma ammaattis kiiloomeetirri kuma 500 ol raawwatamuu dubbataniiru. Ministeera qonnaatti gaggeessaa hojii raawwachiisaan ittifayyadama eegumsaa fi kunuunsaqabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonnin akka jedhanitti, mootummaan naannichaa boqonnqq qophiirraa amma hojmaataatti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii godina Harargee Bahaa aanaa Guraawwaatti hojjetaman xiyyeeffannoo kennmee kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru. Bara kana Godinichatti gandoota godinichaa 583 keessatti sululoonni 477 misooma jiru jedhan bulchaan itti aanaa goinichaa obbo Ayyaaloo Takkalaa. Hojiileen misooma sululaa waggoota darban godinichatti hojjetaman misooma naannichaa fi bishaan lafa keessaf gumaacha taasisuusaa ibsaniiru. Jiraataan aanaa Guraawwaa ganda Laaftoo Sommooloo obbo Lewaadiin Shariif akka jedhanitti, hojii Kanaan madden bishaanii deebi’uusaaniitiin oomishnii fi oomishtummaansaanii guddateera. Baranas hojii kana cimsanii hojii qindoominaa hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Bakka bu’oonni ministeera qonnaa, ittigaafatamaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu fi miseensonni hooggansaa biirichaa addaddaa, hooggantoonni godinaa fi aanaa misooma sululaa aanaa Guraawwaa gaara Alqaasilirratti hojjetame daawwataniiru
Gabaasa addaa
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 1557
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.
Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe
May 29, 2023 2997
Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise. Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti ganda Soofa qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru. Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru. Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru. Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.