ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Fedhii misoomaa ummataa guutuuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiru - Pireesidaanti Musxafee Mahaammad
May 10, 2026 79
Caamsaa 2/2018 (ENA): Bu’uuraalee misoomaa fi fedhii misoomaa ummataa haala itti fufiinsa qabuun guutuuf naannoo Somaalee keessatti pirojektoonni misoomaa adda addaa hojjetamaa akka jiran pireezidaantiin Bulchiinsa Naannichaa obbo Musxafee Mahaammad ibsani. Obbo Musxafee Mahaammad ijaarsa piroojektii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Qebridaharitti Birrii miiliyoona 407’n ijaaramu eegalchiisani. Haasaa pirojekticharratti taasisaniin obbo Musxafeen akka jedhanitti; Mootummaan naannichaa bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan babal’isuuf xiyyeeffannoo guddaa kennaa jira. Jijjiirama mootummaa argameen booda naannichatti boolli bishaan gadi fagoo 370 ol qotamuu ibsuun, magaalonni 20 ummata baay’ee qaban bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu isaanii eeraniiru. Kunis uwwisa bishaanii naannichaa dhibbeentaa 19 irraa gara dhibbeentaa 52tti ol guddachuu isaa ibsaniiru. Jijjiirama kanaan dura naannichatti hospitaalonni sagal qofa akka turan hubachiisuun, hospitaalota hunda keessatti hojiin babal’ina hojjetamuu fi hospitaalonni dabalataa 12 akka haaraatti ijaaramuu isaanii himaniiru. Xiyyeeffannoo daandii irratti kennameen, ijaarsa daandii magaalota qulqullina qabu Jigjigaa, Degehabur, Godee fi Qabridehaar keessatti hojjetamuun alatti, erga jijjiiramni dhufee as baadiyyaatti zoonii hunda keessatti daandiiwwan kuma lamaa ol ijaaramuu isaaniis ibsaniiru. Kunis hojii daldalaa ummataaf haala mijeessaa jira jedhan. Naannichatti qaqqabummaa barnootaa babal’isuuf manneen barnootaa 700 ol kan ijaaraman yoo ta’u, kana keessaa manneen barnootaa 100 sadarkaa lammaffaa ta’uu ibsaniiru. Xiyyeeffannoo misooma magaalaa fi damee qonnaaf kennameen mootummaan naannichaa jijjiirrama kanaan dura lafa qonnaa heektaara kuma 300 ture gara heektaara miiliyoona 1.5 ol guddiseera jedhani Pireesidaantiin naannichaa gama misoomaa biroo keessattis naannichi erga jijjiiramni dhufee hojiilee ummata fayyadamoo ta’an hedduu raawwachuu isaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaaf gara Akiraatti qajeele
May 10, 2026 56
Caamsaa 2/2018 (ENA): Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamu irratti hirmaatu har’a ganama gara iddoo sanaatti deemeera. Jilli kun dubartoota 31 fi dhiirota 32, walumaa galatti atileetota 63, akkasumas leenjistoota 12 of keessaa qaba. Kana malees jilli kun ogeeyyii fayyaa 3, ogeeyyii miidiyaa sadii, dursaa garee teeknikaa fi ofiishaalonni jaha imala kana irratti argamaniiru. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaan warqee 5,meetii 4 fi naasa 1 walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa qabattee kan xumurte yoo ta’u,bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophoofteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa kun Caamsaa 4 hanga Caamsaa 9, 2018tti akka gaggeeffamu beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misooma itti fufsiisuu eegamuu barbaachisa
May 10, 2026 72
Caamsaa 2/2018 (ENA): Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misoomni itti fufsiisamuu qaba jedhan pireesidaantiin bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii obbo Ordin Badrii. Mootummaan Naannoo Hararii fi Naannoo Oromiyaa Godinni Harargee Bahaa Yaa'ii Nageenyaa fi Tokkummaa Ummataa gaggeessaa jiru. Mata duree "Nageenyaa fi Tokkummaa Ummatootaa Badhaadhina waloof" jedhuun qophaa'e kanarratti hoggantoonni olaanoo bulchiinsa naannoo, Gonidnaa fi magaalaa akkasumas maanguddoonni, abbootiin amantaa fi keessummoonni adda addaa affeeraman hirmaataniiru. Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii obbo Ordin Badrii konfiraansii kanarratti hirmaatanii haasawa taasisaniin, tokkummaan ummata Baha Itiyoophiyaa keessattuu Harargee galmee seenaa biyyattii keessatti bakka addaa kan qabuu fi mallattoo ida’amuu hawaasummaa guddaa ta’uu ibsaniiru. Walitti hidhamiinsi kun gatii tokkummaa ummatootaa jaarraa hedduuf ture kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru. Duudhaalee waloo fi kabajaa naannicha keessatti mul’atan daran cimsuun hojiin nageenyaa fi misoomaa eegalame itti fufuu akka qabus dhaamaniiru. Tokkummaa keenya cimsuun ambaasaaddara nageenyaa fi misoomaa ta’uu qabna jedhaniiru. Hoggansi, abbootiin amantaa fi maanguddoonni, akkasumas hayyoonni gamtaa kana cimsuuf gahee isaanii gumaachuutu irraa eegama jedhan. Hirmaattonni waltajjicharratti argamanis duudhaalee waloomaa fi naannicha keessatti nageenya itti fufiinsa qabu ijaaruu irratti ni cimanii hojjechuu qabu jedhameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin wal morkatu
May 10, 2026 68
Caamsaa 2/2018 (ENA): Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 36ffaa irratti Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin taphatan har’a ni eegama. Taphichi galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Landanitti kan gaggeeffamu ta'a. Weestihaam Yunaayitid qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, naannoo gadi aanaa keessa jira. Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa jira. Weestihaam torbee 35ffaa irratti Bireenfoordiin 3 fi 0’n mo'amee gara naannoo gadi bu'iinsaatti kan seene Weestihaam, taphni har'aa liigicha keessa turuuf falmii taasisaa jiru keessatti baay'ee murteessaadha. Carraa ofumaa waancaa kaasuu kan qabu Arsenaal yoo injifate gara ulfina isaatti ni dhihaata. Garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban gara shaniitti akka guddisu isaan dandeessisa. Tapha biraatiin ammoo Barniley sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Tarfi Muur irratti Aston Viilaa waliin taphata. Liigichaan kan gadi bu'e Barnileey qabxii 20’n sadarkaa 19ffaa irratti argama. Morkataan isaa Aston Viilaan qabxii 58’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Aston Viilaan yoo injifate gara Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti akka dhihaatu taasisa. Sadarkaa 4ffaa Liivarpuul irraa fudhata. Notingiham Foresti sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Siitii Giraawundi irratti Niwukaastil Yunaayitid waliin taphata. Foresti qabxii 42’n liigichaan sadarkaa 16ffaa irratti argama. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 45’n liigii kanaan sadarkaa 13ffaa irra jira. Foresti meedaa isaarratti yoo injifate carraa liigicha keessa turuu isaa daran guddisa. Torbee 35ffaa irratti Biraayitan 3 fi 1’n injifate Niwukaastil injifannoo walitti aansuun itti fufuuf taphata. Kiristaal Paalaas sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Selhuristi Parki irratti Everton waliin ni taphata. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Waggoota shanan darban walitti fufinsaan hojiiwwan hojjetamaniin dubartoota bu’uura badhaadhinaa biyyattii taasisuu dandeenyeerra-Aadde Adaanech Abeebee
May 10, 2026 99
Caamsaa 2/2018 (ENA): Waggoota shanan darban walitti fufinsaan hojiiwwan hojjetamaniin dubartoota bu’uura badhaadhinaa biyyattii taasisuu dandeenyeerra jedhani kantiibaan magaalaa Finfinee Aadde Adaanech Abeebee. Kantiibaan kun kana kan ibsan duula filannoo Paartii Badhaadhinaa dubartoonni qofti irratti hirmaatan irrattidha. Waltajjii adda ta’e kana irratti kaadhimtoonnii fi deeggartoonni paartichaa kutaa magaalota hundarraa hirmaataniiru. Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, hirmaannaa guutuu fi fayyadamummaa dubartootaa malee badhaadhina biyyattii mirkaneessuun waan hin yaadamne ta’uu dubbataniiru. Waggoota shanan darban keessatti dubartoota irratti xiyyeeffachuun hojiin hojjetame milkaa’inoonni gurguddaa galmaa’uu danda’eera jedhan. Kantiibaan kun dubartoonni dhaabbilee ijoo magaalattii keessatti haala bu’a qabeessa ta’een hoogganaa akka jiran kan himan yoo ta’u, kunis dhimma hirmaannaa qofa osoo hin taane qabatamaan bu’a qabeessummaa isaanii kan mirkaneessedha jedhani. Dubartoonni gama carraa hojii uumuun haalaan fayyadamoo taasisuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetameera jedhan. Imalli gara badhaadhinaatti taasifamu kan duubatti hin deebine ta’uu kan eeran kantiibaan kun, siyaasni dhaabichaa olola duwwaa osoo hin taane bu'aa qabatamaan hojii bu’a qabeessa kan hojjetu ta’uu dubbataniiru. Waggoota darban keessatti hojiiwwan gurguddoon magaalicha keessatti faayidaa dubartootaaf jecha hojjetamaa turan kabajaa fi iddoo guddaa dhaabichi dubartootaaf kenne kan mul’isu ta’uus himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Siyaasa

Duulli filannoo dubartoonni Paartii Badhaadhinaa irratti Hirmaatan gaggeeffame
May 10, 2026 59
Caamsaa 2/2018 (ENA): Duulli filannoo dubartoonni Paartii Badhaadhinaa qofti irratti hirmaatan gaggeeffameera. Sagantaan kun hojiiwwan gurguddoo waggoota shanan darban magaalattii keessatti fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojjetamaa turan ibsameera. Keessattuu hojiin fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneesses ibsameera. Sagantaa addaa kana keessatti, Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabalatee kaadhimamtoonni Paartii Badhaadhinaa fi deeggartoonni paartii kutaa magaalota hundarraa walitti dhufan hirmaataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI
Waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan qindoomina qabu hojjechuun dandeettii dubartootaa guddisuun agarsiiftuu badhaadhina amansiisaa akka ta’an taasifneerra - obbo Mogas Baalchaa
May 10, 2026 62
Caamsaa 2/2018 (ENA): Waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan qindoomina qabu hojjechuun dandeettii dubartootaa guddisuun agarsiiftuu badhaadhina amansiisaa akka ta’an taasifneerra jedhan Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee obbo Mogas Baalchaa. Kana kan ibsan duula filannoo Paartii Badhaadhinaa dubartoota qofti irratti hirmaatan irratti dha. Sagantaa kana irratti Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kan ta'an aadde Adaanech Abeebee fi deeggartoonni kutaa magaalaa hundarraa walitti dhufan argamaniiru. Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee obbo Mogas Baalchaa haasaa waltajjii kanarratti taasisaniin, qajeelfama ijoo yaada ida’amuu dandeettii hunda qindeessuun ijaarsa biyyaaf itti fayyadamuu akka ta’e hubachiisaniiru. Haaluma kanaan waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan adda addaa fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneessan milkaa’inaan raawwatamuu ibsaniiru. Imala badhaadhinaa keessatti dubartoonni humna murteessaa fi kan bakka hin buufamne ta’uu dhaabichi cimsee kan amanu dha kan jedhan obbo Mogas, dubartoota dhaabbilee mootummaa ijoo keessatti ramaduu irratti jijjiiramni guddaan taasifameera jedhani. kanaan itti gaafatamummaa isaaniif kennameen bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa akka jiranis himaniiru. Bu’aawwan kunneen bu’aa siyaasaa qofaaf osoo hin taane, qabatamaan badhaadhinni hirmaachisaa ta’uu agarsiisa jedhani. Kunis jireenya dubartootaa kan jijjiire ta’uu himaniiru. Waltajjicharratti hojiiwwan gurguddoo fi bu’aa ba’ii hojii dubartoota magaalichaa waggoota shanan darban keessatti fayyadamummaa dubartootaatiif hojjetamaa turan irratti bal’inaan mari’atameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI
Jilli waloo Gamtaa Afriikaa fi COMESA Obbo Dammaqaa Mokonnoniin durfamu Zaambiyaatti haala filannoo duraa ilaale
May 9, 2026 337
Caamsaa 1/2018(ENA) -Jilli waloo Gamtaa Afriikaa fi COMESA Obbo Dammaqaa Mokonnoniin durfamu Zaambiyaatti haala filannoo duraa ilaaleera. Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa duraanii Obbo Dammaqaa Mokonnon, Ebla 26 hanga 30 bara 2018tti Zaambiyaatti daawwannaa hojii taasisaniiru. Turtiisaaniin jila waloo gamtaa Afriikaa fi ‘COMESA’ filannoon duraa fi qorannoo fedhii Filannoo walii galaa Zaambiyaa Hagayya bara 2018 gaggeeffamuuf dursee hundeeffame dura taa’aa ta’uun gaggeessaniiru. Obbo Dammaqaa Mokonnonii fi jilli miseensota Gamtaa Afriikaa fi COMESA irraa walitti babba’an qooda fudhattoota filannoo fi bulchiinsa gaarii waliin marii taasisaniiru. Mariwwan kanaan Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Zaambiyaa, Komishinii Filannoo Zaambiyaa, ministeerota mootummaa dhimmi ilaallatu, bakka bu’oota paartilee mormituu, Barreessaa Ol-aanaa COMESA, mishinoota dippilomaasii, dhaabbilee sivilii fi qaamoleen biroo dhimmi ilaallatu hirmaataniiru. Mariin kun dhimma ijoo haala filannoon dura Zaambiyaa keessa jiru akkasumas qophaa'ummaa dhaabbilee raawwachiiftu filannoo sakatta'uu irratti xiyyeeffateera. Dabalataanis, filannoon Hagayya 2018 gaggeeffamu nagaa, amanamaa, ifa fi hirmaachisaa akka ta'uuf carraaqqiiwwan taasifamaa jiran irratti mariin bal'aan taasifameera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii Jibutiitti taasisan xumuranii Itiyoophiyaatti deebi’an
May 9, 2026 246
Caamsaa 1/2018(ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii Jibutiitti taasisan xumuranii Itiyoophiyaatti deebi’uusaanii waajjirri ministira muummee beeksiseera. Waajjirichi ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii Jibutiitti taasisan xumuranii har’a sa’aatii booda gara Itiyoophiyaatti deebi’aniiru jedheera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad sirna aangoo fudhannaa pirezidaantii Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee irratti argaman
May 9, 2026 204
Caamsaa 1/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Jibutii ta’uun kan filataman sirna aangoo fudhannaa Ismaa’el Omaar Giilee irratti argamaniiru. Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin, pirezidaantii Jibutii ta’uun kan filataman sirna aangoo fudhannaa Ismaa’el Omaar Giilee irratti argamuuf har’a Jibutiitti argameera jechuun ibsaniiru. Ministirri muummee itti dabaluudhaan pirezidaanti Ismaa’el tajaajilli biyya isaaniif kennan guddina hunda galeessa akka itti fufsiisu gammachuu fi hawwii gaarii onnee koo irraa madde ibsuun barbaada jedhaniiru. Michoomnii fi tumsi tarsiimawaa yeroo dheeraa Jibutii fi Itiyoophiyaa jidduu jiru badhaadhina waloo ummata keenyaaf akkasumas cimina nagaa fi tasgabbiin riijinii keenyaaf bu’ura akka ta’un hawwa jedhan.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Jibutii ta’uun kan filataman sirna ayyaana muudama Ismaa’eel Omaar Geeleeh irratti argamuuf Jibutii dhaqan
May 9, 2026 210
Caamsaa 1/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Jibutii ta’uun kan filataman sirna ayyaana muudama Ismaa’eel Omaar Geeleeh irratti argamuuf Jibutii dhaquusaanii waajjirri ministira muummee beeksisaniiru
Sagaleen Afriikaanotaa haaraan dhiibbaa uumu kaayyoon kan gaggeeffamu abdii fi carraalee dhaloota Ardichaa kan agarsiisu ta’uu qaba
May 8, 2026 483
Ebla 30/2018(ENA) - Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa tokkummaa Ardii ijaaruuf kan fudhatamu tarkaanfii tarsiimawaa ta’uusaa hojii raawwachiisaan tajaajila oduu Itiyoophiyaa obbo Seeifee Darribee ibsan. Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS-2026) kan jalqabaa ‘Pulse of Africa’ (POA)’n intarpiraayizii teeknooloojii ‘AGA’ waliin ta’uun qopheessan gaggeeffamaa jira. Yaa’ii mata duree “dhiibbaa Uumtonni Afriikaa fooyyofteef” jedhuun yaadannoo injifannoo Adwaatti qophaa’erratti dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa biyyoota Afriikaa 30 irraa walitti dhufan hirmaachaa jiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa obbo Seeifee Darribee, yaa’iin kun carraa dijitaalaa ardichaa egeree kan murteessu tarkaanfii tarsiimawaa ta’uu ibsaniiru. POA,n akka uumamu ka’umsisaa mul’ata fagoo ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad ta’uusaa yaadachiisaniiru. Akkaataa ministirri muummee Afriikaan sagalee ofiishee akka ishee barbaachisuu fi seenaashee ilmaan isheetiin seenessuu akka qabdu kallattii kaa’aniin, dhabbatichi seenessa Afriikaa isa dhugaa tamsaasuuf ergama ifa ta’een hundeeffamuusaa dubbataniiru. Dhaabbatichi hatattamaan guddachaa jiraachuusaa eeranii, biyyoota Afriikaa 30 caalan keessatti qaqqabamaa ta’uusaa fi fudhatama argachuusaa eeraniiru. Yaa’iin mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyofteef” jedhuun gaggeeffamu dhiibbaa Ardii guddisuu fi dadammaqsuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Dhiibbaa uumtonni dijitaalaa seenessa Afriikaa jijjiiruuf qooda ijoo akka qaban ibsaniiru. Dhiibbaa uumtonni dhiibbaa dijitaalaa bashannansiisuuf qofa osoo hin taane barsiisuuf, tokkummaa cimsuu fi Ardicha ijaaruuf fayyadamuu akka qaban eeraniiru. Gaggeessummaa dubartootaa kan mul’isuu fi haleellaa, saamichaa fi miidhaaa kamiyyuu kan mormu dhiibbaa dijitaalaa uumuun akka barbaachisu eeranii, seenessoota walooma, abdii fi carraalee dhalootaa olkaasanii mul’isan bal’isuun akka irraa eegamus dubbataniiru. Guddummaa fi aadaa Afriikaa beeksisuun dhaloota dargaggootaa kalaqaa fi misoomaaf dadammaqsuu akka qaban eeraniiru. Sosochii haaraa kana bakka argama dhala namaa, magaalaa guddoo Afriikaa fi mallattoo cichoomaa Ardichaa kan taate Itiyoophiyaarraa eegaluun akka barbaachisu kaasaniiru. Afriikaanonni seenaa isaanii akka seenessan deeggarsa taasisanii fi guddina Ardichaaf kutannoo ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiif kabaja qaban ibsaniiru. Milkaa’ina yaa’ichaaf gumaacha kan taasisan bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Kantiibaa Adaanech Abeebee, ministeera Turizimii, inistiitiyuutii hubannoo namtolchee fi kanneen biros galateeffataniiru.

Hawaasummaa
Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misooma itti fufsiisuu eegamuu barbaachisa
May 10, 2026 72
Caamsaa 2/2018 (ENA): Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misoomni itti fufsiisamuu qaba jedhan pireesidaantiin bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii obbo Ordin Badrii. Mootummaan Naannoo Hararii fi Naannoo Oromiyaa Godinni Harargee Bahaa Yaa'ii Nageenyaa fi Tokkummaa Ummataa gaggeessaa jiru. Mata duree "Nageenyaa fi Tokkummaa Ummatootaa Badhaadhina waloof" jedhuun qophaa'e kanarratti hoggantoonni olaanoo bulchiinsa naannoo, Gonidnaa fi magaalaa akkasumas maanguddoonni, abbootiin amantaa fi keessummoonni adda addaa affeeraman hirmaataniiru. Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii obbo Ordin Badrii konfiraansii kanarratti hirmaatanii haasawa taasisaniin, tokkummaan ummata Baha Itiyoophiyaa keessattuu Harargee galmee seenaa biyyattii keessatti bakka addaa kan qabuu fi mallattoo ida’amuu hawaasummaa guddaa ta’uu ibsaniiru. Walitti hidhamiinsi kun gatii tokkummaa ummatootaa jaarraa hedduuf ture kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru. Duudhaalee waloo fi kabajaa naannicha keessatti mul’atan daran cimsuun hojiin nageenyaa fi misoomaa eegalame itti fufuu akka qabus dhaamaniiru. Tokkummaa keenya cimsuun ambaasaaddara nageenyaa fi misoomaa ta’uu qabna jedhaniiru. Hoggansi, abbootiin amantaa fi maanguddoonni, akkasumas hayyoonni gamtaa kana cimsuuf gahee isaanii gumaachuutu irraa eegama jedhan. Hirmaattonni waltajjicharratti argamanis duudhaalee waloomaa fi naannicha keessatti nageenya itti fufiinsa qabu ijaaruu irratti ni cimanii hojjechuu qabu jedhameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Sagantaan jalqabsiisa imala Hajjii 1447ffaan gaggeeffame
May 9, 2026 178
Caamsaa 1/2018 (ENA)- Sagantaan jalqabsiisa imala Hajjii 1447ffaan mooraa daandii qillensaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffameera. Pirezidaantiin mana maree walii galaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Hajjii Ibraahim Tufaa mooraa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa keessatti argamuun saganticha ifatti jalqabsiisaniiru. Pirezidaanti sheeh Hajjii Ibraahim Tufaa saganticha wayita jalqabsiisan, imalli Hajjii 1447ffaan kan jalqabaa ifatti jalqabamuusaa ibsaniiru. Hordoftoota amantichaa gara Hajjiitti imalaniif ergaa imala nagaa dhaamaniiruuf. Imala Hajjii mijataa gochuuf mootummaan sirna galmee fi kaffaltii irraa eegalee haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Tajaajila mijataa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa imaltootaaf godhuuf galateeffataniiru. Garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan damee daldalaa Lammaa Yaaddechaa, daandiin qilleensichaa imaltoota Hajjii deddeebisuudhaan seenaa bara dheeraa akka qabu ibsaniiru. Baranas tajaajila bara dheeraa kana guddisuun mijataa gochuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru.
Agarsiifni oomishaalee Qonnaa fi teeknooloojii Yunivarsitichaan qophaa’e gaggeeffamaa jira
May 8, 2026 258
Ebla 30/2018 – Agarsiisaa fi egzibiishiniin oomishaalee fi teeknooloojii qonnaa irratti xiyyeeffate Yunivarsiitii Madda Walaabuutti geeggeffamaa jira. Yunivarsitichi konfaransii qorannoo biyyaalessaa beekumsa xabboo waltajjiitti fiduun beekamtii kennuuf kaayyeffate guyyaa lammaffaaf geggeessaa jira. Sagantaa kanarrattis muuxannoon qonnaan bultoota bal'innaan dhihaachuun irrattis mari'ataameera. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Dr. Birhaanamasqal Xannaa saganticharratti ergaa dabarsaniin, Yunivarsitichi beekumsa uumamaa qonnaan bultoota bira jiru qorannoo saayinsaawaan walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffatuu dubbatan. Konfaransii qorannoo fi agarsiifni oomishaalee qonnaatii fi teeknooloojii dhihaates kanuma bu'ura godhachuu akka ta’e yaadachiisaniiru. Ittaanaan Pirezidaantii Yunivarsitichaa Dr. Bazzaabbih Wanddimmuu gama isaaniitiin, waltajjiin qorannoo qonnaan bulaa fi qooda fudhattoota walitti fide kun carraaf hudhaalee qorannoon adda baasuuf carraa kan uumu ta'uu eeran. Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Aliyyii Muhammad gama isaaniitiin beekamtii fi deeggarsi Yunivarsitichi qonnaan bultoota godinichaatiif taasisaa jiru kan jajjabeeffamu ta'uu dubbatan. Qonnaan bultoonni hirmaatan gama isaaniitiin, waltajjiin qorannoo qooda fudhattoota walitti fide kun beekumsa isaanii daran olbaasuun cinaatti hudhaalee hojii keessatti isaan mudachaa turaniif furmaata saayinsaawaa akka argataniif kan tumseef ta'uu dubbatan. Sagantaa kana irratti qonnaan bultoota, qooda fudhattoonni damee qonnaa fi dhimmamtoonni gara garaa argamaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa naannichatti hojiirra oole rakkoo fi ifaajii irraa nu baraarera
May 8, 2026 259
Ebla 30/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa naannoo Harariitti hojiirra oolaa jiru rakkoolee bal’aa furuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan haadholiin fayyadamtoota mana jireenyaa. Biiroon Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota naannichaas tajaajilli tola ooltummaa naannichatti raawwatamaa jiru rakkoo hawaasummaa fi diinagdee maanguddootaa fi lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an furuu irratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu ibseera. Manni isaanii tajaajila tola ooltummaatiin kan haaromfame Aadde Yashii Dammaqaa, manni isaanii rooba Gannaa fi qilleensa Gannaaf saaxilamee, miidhaadhaaf saaxilamaa kan turan amma garuu rakkoo kanarraa baraaramuu ENAtti himaniiru. Qaamolee mootummaa fi tajaajila tola ooltummaa kennan rakkoo isaaniif deebii ariifataa kennanis galateeffataniiru. Fayyadamtoota mana tola ooltotaan isaaniif ijaarame keessaa tokko kan ta’an haati ijoollee shanii aadde Ashaa Usmaa'il wayita ammaa tajaajila tola ooltummaatiin waan isaaniif hojjetame galateeffachuun ijoollee isaanii barsiifachaa jiraachuu himani. Aadde Faatiyaa Mahaammad mana duraan mana kutaa tokkoo kan hin mijoofne keessa jiraachaa kan turan yoo ta’u,manni isaanii tajaajila tola ooltummaan haaromsamee mana mijataa argachuu isaaniitti gammaduu himaniiru. Biiroon Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota naannichaa akka beeksisetti, tajaajilli tola ooltummaa naannichatti hojiirra oolaa jiru rakkoo hawaasummaa fi diinagdee maanguddootaa fi lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an furuu irratti jijjiirama qabatamaa fidaa jira jedheera. Hojiin tola ooltummaa kun tokkummaa lammiilee gidduu jiru cimsuu qofa osoo hin taane rakkoo ummataa haalaan hir’isuu isaa biirichi ibseera. Akka itti gaafatamtuun biirichaa aadde Raamziyaa Abdulwahaab jedhanitti bara bajataa kana keessatti hojiin tajaajila tola ooltummaa naannichatti hojjetame walumaa galatti birrii miiliyoona 220 ta’a jedhani. Kanneen keessaa manneen maanguddootaa fi qaama miidhamtootaa 154 ijaaramanii haaromfamuun dabarfamee kennaniiru. Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti gaafatamummaa qaban dhiheenya kana qaama miidhamtoota naannichaaf manneen 12 xumuranii dabarsanii kennuu isaaniis eeruun, hojiin tajaajila tola ooltummaa Gannaas cimee itti fufa jedhan. Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii, obbo Ordin Badriin pirojektii mana jireenyaa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf ijaarame wayita dabarsanii kennan ergaa dabarsaniin, mootummaan naannichaa fayyadamummaa waliigalaa lammiilee guddisuuf hojii bal’aa hojjeteera jechuun isaanii kan yaadatamudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Diinagdee
Fedhii misoomaa ummataa guutuuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiru - Pireesidaanti Musxafee Mahaammad
May 10, 2026 79
Caamsaa 2/2018 (ENA): Bu’uuraalee misoomaa fi fedhii misoomaa ummataa haala itti fufiinsa qabuun guutuuf naannoo Somaalee keessatti pirojektoonni misoomaa adda addaa hojjetamaa akka jiran pireezidaantiin Bulchiinsa Naannichaa obbo Musxafee Mahaammad ibsani. Obbo Musxafee Mahaammad ijaarsa piroojektii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Qebridaharitti Birrii miiliyoona 407’n ijaaramu eegalchiisani. Haasaa pirojekticharratti taasisaniin obbo Musxafeen akka jedhanitti; Mootummaan naannichaa bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan babal’isuuf xiyyeeffannoo guddaa kennaa jira. Jijjiirama mootummaa argameen booda naannichatti boolli bishaan gadi fagoo 370 ol qotamuu ibsuun, magaalonni 20 ummata baay’ee qaban bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu isaanii eeraniiru. Kunis uwwisa bishaanii naannichaa dhibbeentaa 19 irraa gara dhibbeentaa 52tti ol guddachuu isaa ibsaniiru. Jijjiirama kanaan dura naannichatti hospitaalonni sagal qofa akka turan hubachiisuun, hospitaalota hunda keessatti hojiin babal’ina hojjetamuu fi hospitaalonni dabalataa 12 akka haaraatti ijaaramuu isaanii himaniiru. Xiyyeeffannoo daandii irratti kennameen, ijaarsa daandii magaalota qulqullina qabu Jigjigaa, Degehabur, Godee fi Qabridehaar keessatti hojjetamuun alatti, erga jijjiiramni dhufee as baadiyyaatti zoonii hunda keessatti daandiiwwan kuma lamaa ol ijaaramuu isaaniis ibsaniiru. Kunis hojii daldalaa ummataaf haala mijeessaa jira jedhan. Naannichatti qaqqabummaa barnootaa babal’isuuf manneen barnootaa 700 ol kan ijaaraman yoo ta’u, kana keessaa manneen barnootaa 100 sadarkaa lammaffaa ta’uu ibsaniiru. Xiyyeeffannoo misooma magaalaa fi damee qonnaaf kennameen mootummaan naannichaa jijjiirrama kanaan dura lafa qonnaa heektaara kuma 300 ture gara heektaara miiliyoona 1.5 ol guddiseera jedhani Pireesidaantiin naannichaa gama misoomaa biroo keessattis naannichi erga jijjiiramni dhufee hojiilee ummata fayyadamoo ta’an hedduu raawwachuu isaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Afriikaa magaalaa Adaamaatti argamuun daawwannaa taasisan
May 9, 2026 227
Caamsaa 1/2018 (ENA)- Hirmaattonni yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS 2026) kan jalqabaa magaalaa Adaamaatti argamuun daawwannaa taasisaniiru. Hirmaattonni turtii isaanii Adaanaatiin magaalatti keessa deemanii daawwachuudhaan duudhaalee aadaa kan daawwatan yoo ta’u waan arganitti dinqisiifatamuusaanii ibsaniiru. Haala magaalichaa fi simannaa jiraattotaa akkasumas aadaa miidhagaa dinqisiifachuun Adaamaan magaalaa nageenyaa ta’uushee dubbataniiru. Miidhagina sulula qinxaamaa kan taate magaalaan Adaamaateessuma lafaa dinqii kan qabdu ta’uushee raga bahaniiru. Daawwannaan isaanii Itiyoophiyaan miidhaginaa fi bifa Afriikaa kan agarsiiftu ta’uu irra deebi’uun kan ittiin mirkaneessan ta’uu ibsaniiru. Yaa’ii mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyofteef” jedhuun kaleessa Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti qophaa’erratti dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Afriikaa biyyoota Afriikaa 30 irraa walitti dhufan hirmaataniiru.. Yaa’ii kana ‘pulse of Africa’ (POA) fi intarpiraayizii teeknooloojii ‘AGA’ tu waliin qopheesse. Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa itti gaafatamni itti dhagahamu jajjabeessuuf, Itiyoophiyaa dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi galma ajandaa gamtaa Afriikaa 2063 milkeessuuf kan gargaaru tumsa uumuuf kan akeekamedha. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Afriikaan seenessashee ofiisheetiin ijaaruuf, bu’aalee Ardicharratti amantummaa guddisan galmeessisuuf, waan Afriikaa adda baasu uumuuf mariin waloo gaggeeffameera.
Milkaa’inoonni misooma Finfinnee fayyadama hunda galeessa jiraattotaa mirkaneessuudhaan bu’aan qabatamaan madaalamu kan itti argamedha
May 9, 2026 192
Caamsaa 1/2018 (ENA)- Milkaa’inoonni misooma Finfinnee fayyadama hunda galeessa jiraattotaa mirkaneessuudhaan bu’aan qabatamaan madaalamu kan itti argame ta’uu kantiibaa Adaanech Abeebeen ibsan. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gamoowwan waajjira paartii badhaadhinaa damee Finfinnee kutaa magaalaa jaha keessatti ijaaramanii xumuraman eebbisaniiru. Gamoowwan paartii badhaadhinaa waajjira damee Finfinnee ijaarsisanii xumuramee eebbifafan seenessa waloo hubachiisuun tokkummaan sab daneessummaa kan itti cimudha jedhan. Badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuudhaan ijaarsi mootummaa biyyaalessaa kan itti cimu ta’uu irraa eegalee guddina muuxannoo jalqabanii xumuruuf agarsiiftuu murteessaa ta’uu ibsaniiru. Waggoottan jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaatti qormaata gara injifannootti jijjiiruudhaan gama hundaan bu’aa misoomaa quubsaan kan itti galmaa’e ta’uu dubbataniiru. Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa gochuuf akkaataa galma qabameetiin gama hundaan magaalichatti hojiin misoomaa maqaashee fi bifashee madaalu hojjetamuusaa kaasaniiru. Milkaa’inoonni misoomaa magaalaa Finfinnee fayyadama jiraattotaa hunda galeessa mirkaneessuun bu’aa quubsaa bu’aadhaan madaalamu kan itti argame ta’uu hubachiisaniiru. Fuulduras tokkummaa sabdaneessa Itiyoophiyaa fi seenessa waloo cimsuudhaan badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf ciminaan akka hojjetamu mirkaneessaniiru.
Godina Shawaa Lixaatti Qonna Gannaan lafti hektaarri kuma 900 ol misooma
May 9, 2026 141
Caamsaa 1/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qonna Gannaa bara Kanaan lafti hektaarri kuma 900 ol midhaan gosa garaagaraan misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu waajjirri qonnaa Godinichaa beeksise. Waajjirichatti Ogeessi misooma Midhaanii obbo Dajanee Dabushee ENA’f akka ibsanitti, Godina Shawaa Lixaatti bara omishaa 2018/19 lafa hektaara kuma 902 fi 892 misoomsuuf karoorfameera. Lafa misoomerraa omisha kuntaala miiliyoona 34 tuqaa 3 ol walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru. Hanga ammaatti sochii taasifameen Lafti hektaarri kuma 549 fi 190 qotamuu ibsuun, kana keessaas lafti hektaara kuma 144 ol ta’u boqqolloo fi misingaan facaa’uusaa ibsaniiru. Hojii qonna gannaa kanaan qonnaan bultoonni kuma 300 ol hirmaachaa jiraachuu beeksisaniiru. Waajjira Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa godina Shawaa Lixaatti Ogeessi dhiyeessii fi raabsaa xaa’oo Obbo Daanyaachoo Alamayyoo gama isaaniitiin, godinichatti qonna gannaa kanaan hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli kuma 548 tti dhiyaachuun qonnaan bultootaaf raabsamuu ibsaniiru. Waldaalee hojii gamtaan sanyiin filatamaa boqqolloo kuntaala kuma 700 ol qonnaan bultootaaf dhiyaachuus dubbataniiru. Godinichatti Qonnaan bulaa Aanaa Amboo Mul’ataa Gutamaa yeroo qonna gannaa oomisha fooyya’aa argachuuf lafa hektaara tokko irra-deddeebi’anii qotuun qopheessaa jiraachuu himaniiru. Qonnaan bulaa biroon Aanichaa Obbo Abarraa Tolasaa gama isaaniitiin, lafa hektaara tokkoo fi walakkaa irratti misingaa, xaafii fi garbuu facaasuuf qophii taasisaa jiraachuu himaniiru. Ammatti oomisha jallisii bonaan qopheessan guutummaatti walitti qabuun gara hojii qonna gannaatti galuu isaanii eeraniiru. Godinichatti ganna darbe lafa hektaara kuma 900 ol misoomerraa oomishni Kuntaala Miiliyoona 33 tuqaa 8 argamuu isaa odeeffannoon Waajjira Qonnaa Godinicharraa argame ni agarsiisa
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunivarsiitichi beekumsa Mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjechaa jira
May 7, 2026 392
Ebla 29/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu beekumsa mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffannoo kennuu isaa beeksise. Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuuf kan kaayyefatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera. Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuu kan kaayyeffatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera. Sagantichiratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Birhaanamasqal Xannaa akka jedhanitti, dhaabbatichi hojii baruu fi barasiisuu cinaatti tajaajila hawaasummaa irratti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jira. Yuunivarsiitichi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuuf galteewwan qonnaa fi hoj maata fooyya’an dhiyeessuun gahee isaa bahaa jiraachuu eeraniiru. Konfiraansiin kun keessattuu qonnaan bultoonni beekumsa uumamaa fi muuxannoodhan argatan gara waltajjiitti fiduun beekamtii kennuufi galtee hojii qorannoo gara fuulduraatiif akka ta'uuf yaadamee kan qophaa'e ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, waltajjiin kun qonnaan bultoota, qorattootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti riqicha qunnamtii cimaa uumuun muuxannoo wal-jijjiiruuf carraa kenna jedhaniiru. Ogummaawwan mandhaalee saayinsii qonnaa ammayyaa waliin qindeessuun qulqullinaa fi baay’ina oomishaa guddisuuf gahee qabaachuu isaas ibsaniiru. Itti Aanaan Walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Piroofeesar Balaay Sima’aanii ergaa gama intarneetiitiin dhaamsa dabarsaniin, hojii baruu fi barsiisuu cinaatti keessattuu qonnaan bultoota hojmaata qonnaa ammayyaa madaqsuun hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa fi itti fufuu kan qabudha jedhaniiru. Keessattuu, qonnaan bultoonni beekumsa mandhaalee qaban gara waltajjiitti fiduun muuxannoo akka wal-jijjiiraniif konfiraansiin qorannoo qophaa'e kun adda ta'uu isaa eeraniiru. Waltajjiin kun keessattuu galma biyyaalessaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qabame akka milkaa’uuf,beekumsa mandhaalee qorannoo ammayyaa waliin walitti hidhuuf hojii jalqabame ni cimsa jedhaniiru. Waltajjiin kun qonnaan bultoonni adda dureen gama qonnaa, Horsiisa Loonii fi dameelee birootiin muuxannoo isaanii dhiyeessuun qonnaan bultoota birootiif akka qoodan carraa kan uumudha. Dabalataanis, qorattoonni beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa irratti qorannoo gaggeessuuf galtee akka argatan ni taasisa jedhaniiru. Konfiraansii kana irratti qonnaan bultoonni, qorattoonni, bakka bu’oonni Biiroo Qonnaa Oromiyaa kan hirmaatan yoo ta’u, agarsiisni oomisha qonnaan bultootaas gaggeeffameera
Hirmaattonni Yaa’ii Dhiibbaa Uumtota Miidiyaa Hawaasaa Afriikaa jalqabaa Inistitiyuutii Hubannoo namtolechee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru
May 7, 2026 237
Ebila29/2018(ENA):Hirmaattonni Yaa’ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa jalqabaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru. Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026), dhugaa Afrikaa Addunyaatti beeksisuufi dhimma diijitaalaa abbummaan geggeessuuf kaayyeffate, Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti har'aafi boru ni geggeeffama. Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru. Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru. Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti. Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa) fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha. Yaa’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa itti gaafatamummaa qaban jajjabeessuuf, Dinagdee Dijitaalaa cimsuuf, walta'iinsa uumuufi Finfinnee wiirtuu aadaafi dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffatedha.
Tajaajilli dijitaalaa hoj maata ammayyummaa dhugoomsaa jira
May 7, 2026 228
Ebla 29/2018 (ENA): Biiroon Misooma Innooveeshinii fi Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee sirna tajaajila dijitaalaa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu beeksise. Itiyoophiyaan sagantaa haaromsa diinagdee biyya keessaatiin teeknooloojii akka madda ijoo misooma itti fufiinsa qabuutti fayyadamuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jirti. Kanarraa kan ka’e pirojektoonni damee dijitaalaa dinagdee sochoosan milkaa’inaan hojiirra oolaa jiru. Keessattuu waltajjiiwwan akka tajaajila wiirtuu tokkoo ( Masoob), waraqaa eenyummaa dijitaalaa (Faayidaa) fi Itiyoo koodarsii hundeessuun akkasumas fayyadamni interneetii dabaluun jijjiirama biyyaalessaaf bu’aa guddaa qaba. Bu’aawwan teeknooloojii kunneen sirna kaffaltii moobaayilaa fi daldala elektirooniksii sirreessuu keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun fayyadamtoonni yeroo fi maallaqa qusachaa akka jiran ibsameera. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Innooveeshinii fi Misooma Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee Dr. Tulluu Xilahuun akka jedhanitti; Teeknooloojiin adeemsa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Karoora tarsiimoo waggaa saddeet Finfinnee magaalaa ismaartii taasisuuf qophaa’een misooma koridaraa fi bashannana irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuus eeraniiru. Galmi guddaan ijaarsa magaalaa ismaartii magaalattii jiraattotaa fi daawwattootaaf mijataa fi hawwataa taasisuu ta’uu ibsuun, kunis kan mirkanaa’u yeroo tajaajilli fi bu’uuraaleen misoomaa teeknooloojiin deeggaraman ta’uu ibsaniiru. Hojiiwwan teeknooloojii milkaa’oo magaalattii keessatti hojjetaman kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dorgommii hoggansa magaalaa Ismaartii Addunyaa bara 2024 Kooriyaa Kibbaa Se’ul keessatti gaggeeffame irratti akka injifatan taasiseera jechuun ibsaniiru. Fooramii Magaalaa Ismaartii Afrikaa Keeniyaa Naayiroobii keessatti gaggeeffame irratti magaalattiin beekamtii malu akka argattutti hojiiwwan kunneen gahee olaanaa taphachuu isaanii ibsaniiru. Biiroon kun dhaabbilee federaalaa waliin ta’uun sirna teeknooloojii fooyyessuu, qindeessuu fi nageenyummaan isaa eegame taasisuudhaan dhaabbileen bulchiinsa magaalaa tajaajila isaanii dijiitaalaan akka kennan taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa ‘Waradaa Neet gara siitii Neetitti’ guddisuun aanaa fi magaalota xiqqaa magaalicha keessa jiran teeknooloojiin walqunnamsiisuun danda’ameera jedhan. Tajaajilli giddugala tokkoo lammiileen tajaajila mootummaa saffisaa, amanamaa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’ee fi teeknooloojiin deeggaramee akka argatan taasiseera jedhan. Tajaajilli kun ifaajii fayyadamtootaa hir’isuu fi iftoomina uumuu, akkasumas amala filannoo dijitaalaa fayyadamuu hawaasa keessatti horachuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Tajaajila sirna dijitaalaa keessatti hin hammatamne haaromsuu fi tajaajila giddugala tokkoo waliin wal simsiisuuf xiyyeeffannoon akka kennamus beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA See less
Magaalaa Hararitti Hojiin Dhaabbii buufata saatalaayitii odeeffannoo fudhatuu jalqabame
May 6, 2026 313
Ebla 28/2018(ENA)- Magaalaa Hararitti hojiin dhaabbii buufata Saatalaayitii odeeffannoo fudhatuu jalqabameera. Buufata Saatalaayitii odeeffannoo fudhatu kana Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii fi Ministirri Innoveshinii fi Teeknooloojii Doktar Balaxaa Mollaa eegalchiisaniiru. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii wayita sana akka jedhanitti, buufanni odeeffannoo Saatalaayitii kun hojiiwwan misoomaa naannicha keessatti raawwatamaniif deeggarsa guddaa kenna jedhaniiru. Keessattuu, galtee odeeffannoo sirrii ta’e kennuu irratti faayidaansaa olaanaa akka ta’e eeraniiru. Hojiin dhaabbii kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisu dubbataniiru. Itti-Aanaan Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii saayinsii hawaa fi Jii’oo-Ispaashiyaalii Balaachoo Tsahaay akka jedhanitti, teeknooloojiin kun odeeffannoo saffisa olaanaa fi qulqullina qabuun dhaqqabsiisuu irratti faayidaa guddaa qaba. Akkasumas, Raadiyaasii Kiiloomeetira 35 waliin gahuun lakkoofsa sirrii kan gabaasu fi sa’aatii 24 kan hojjetu ta’uu ibsaniiru. Odeeffannoon buufata Saatalaayitii Diizaayinii daandii irratti, Hojiiwwan konistrākshinii waliigalaaf, Itti fayyadama lafaa sirnaan to’achuuf, Mirkaneessa qabiyyee lafaa fi tajaajiloota biroof odeeffannoo kennuu dandeessisa jedhaniiru. Hojiin dhaabbii buufata odeeffannoo saatalaayitii kun ji’oota lama keessatti akka xumuramu beeksifameera.
Ispoortii
Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaaf gara Akiraatti qajeele
May 10, 2026 56
Caamsaa 2/2018 (ENA): Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamu irratti hirmaatu har’a ganama gara iddoo sanaatti deemeera. Jilli kun dubartoota 31 fi dhiirota 32, walumaa galatti atileetota 63, akkasumas leenjistoota 12 of keessaa qaba. Kana malees jilli kun ogeeyyii fayyaa 3, ogeeyyii miidiyaa sadii, dursaa garee teeknikaa fi ofiishaalonni jaha imala kana irratti argamaniiru. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaan warqee 5,meetii 4 fi naasa 1 walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa qabattee kan xumurte yoo ta’u,bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophoofteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa kun Caamsaa 4 hanga Caamsaa 9, 2018tti akka gaggeeffamu beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin wal morkatu
May 10, 2026 68
Caamsaa 2/2018 (ENA): Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 36ffaa irratti Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin taphatan har’a ni eegama. Taphichi galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Landanitti kan gaggeeffamu ta'a. Weestihaam Yunaayitid qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, naannoo gadi aanaa keessa jira. Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa jira. Weestihaam torbee 35ffaa irratti Bireenfoordiin 3 fi 0’n mo'amee gara naannoo gadi bu'iinsaatti kan seene Weestihaam, taphni har'aa liigicha keessa turuuf falmii taasisaa jiru keessatti baay'ee murteessaadha. Carraa ofumaa waancaa kaasuu kan qabu Arsenaal yoo injifate gara ulfina isaatti ni dhihaata. Garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban gara shaniitti akka guddisu isaan dandeessisa. Tapha biraatiin ammoo Barniley sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Tarfi Muur irratti Aston Viilaa waliin taphata. Liigichaan kan gadi bu'e Barnileey qabxii 20’n sadarkaa 19ffaa irratti argama. Morkataan isaa Aston Viilaan qabxii 58’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Aston Viilaan yoo injifate gara Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti akka dhihaatu taasisa. Sadarkaa 4ffaa Liivarpuul irraa fudhata. Notingiham Foresti sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Siitii Giraawundi irratti Niwukaastil Yunaayitid waliin taphata. Foresti qabxii 42’n liigichaan sadarkaa 16ffaa irratti argama. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 45’n liigii kanaan sadarkaa 13ffaa irra jira. Foresti meedaa isaarratti yoo injifate carraa liigicha keessa turuu isaa daran guddisa. Torbee 35ffaa irratti Biraayitan 3 fi 1’n injifate Niwukaastil injifannoo walitti aansuun itti fufuuf taphata. Kiristaal Paalaas sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Selhuristi Parki irratti Everton waliin ni taphata. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
‘PSG’n waggaa walitti aanuuf xumura Shaampiyonsi Liigii Awurooppaatti darbe
May 7, 2026 365
Ebila 29/2018(ENA) - Tapha deebii walakkaa xumuraa (Semi-final) Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti Baayer Muuniik fi PSG’n goolii tokkoo fi tokkoon qixaan addaan ba’aniiru. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti taphatameen, Usmaan Dembeeleen daqiiqaa 3ffaa irratti galchii lakkoofsiseen PSG dursaa taasiseera. Haarii Keen immoo daqiiqaa 94ffaa irratti Baayer Muuniikiif galchii lakkoofsisuun walqixxeesseera. Innis dorgommii kanaan goolii isaa 14ffaa galcheera. Shaampiyoonsi liigichatti Injifataan Baalaandoorii yeroo ammaa Dembeeleen, lakkoofsa gooliiwwan Shaampiyonsi Liigii keessatti galche gara torbaatti ol guddiseera. Taphichi bashannansiisaa fi goolii galchuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u hanga tokko wal-qocholloon keessatti mul’ateera. PSG’n kubbaa harkatti galfachuu fi carraawwan goolii uumuu irratti fooyya’aa ture. Bu’aa kanaan hordofee, PSG walitti qabaan 6 fi 5 injifachuun waggaa walitti aanuuf xumuraaf darbeera. Abbaan waancaa yeroo ammaa PSG, xumuraaf darbuunsaa kun yeroo sadaffaadhaafi. Kilabiin Paaris Kilabii Awurooppaa eegsisuuf Arsenaal waliin Hangaarii, Budaappestitti walmorkatu. Injifataan Shaampiyonsi Liigii yeroo 6ffaa Baayer Muuniiki, waggaa ja’a booda xumuraaf darbuuf abjuun qabu hin milkoofneef. Taphni xumuraa Arsenaal fi PSG gidduutti caamsaa 22 bara 2018 akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti ni taasifama.
Finfinneen dorgommii biskileetii idil addunyaa keessummeessuufi
Apr 28, 2026 1491
Ebla 20/2018 (ENA): Dorgommiin biskileetii idil-addunyaa siitii maawunteen baayik iliminaator UCI (City Mountain Bike Eliminator) jedhamu,kan biskileetii biyyoota addunyaa mara irraa dhufan hirmaachisu , Ebla 24 fi 25, 2018 Finfinneetti gaggeeffama. Gamtaa Biskileetii Idil Addunyaa (UCI)’n beekamtii kan argatee fi addunyaa irratti jaalala guddaa kan horate "City Mountain Bike Eliminator Pro League" seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf Afrikaa, Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffama. Dorgommiin kun naannoo Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgommii kana irratti namoonni biskileetii addunyaa mara irraa dhufan hedduun akka hirmaatan Waajjirri Kantiibaa beeksiseera. Dorgommiin kun kallattiin chaanaalii televijiinii adda addaa addunyaa irratti kan tamsa’u yoo ta'u, daawwattoonni miiliyoona 20 ol ni daawwatu jedhamee eegama. Finfinneetti bu’uuraaleen ispoortii babal’achuun magaalattiin dorgommii ispoortii idil-addunyaa keessummeessuuf magaalaa filatamaa akka taatu ishee taasiseera jedhe waajjirichi. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota darban keessa bu’uuraalee ispoortii hedduu ijaaruun dameen ispoortii dhalootaa fi dinagdee ijaaruu keessatti gahee isaa akka ba’u taasisuu isaa odeeffannoon waajjirichaa ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Milkaa’inni Sagantaa Misooma sululaa fi eegumsa naannoo qabeenyi bosonaa guddaan akka uumamu taasisa jira
May 9, 2026 198
Caamsaa 1/2018(ENA) - Milkaa’inni Sagantaalee Misooma suluulaa fi eegumsa Naannoo Qabeenyi Bosonaa guddaan akka uumamu taasisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Bara bajataa qabametti sagantaa qindaa’aa misooma sululaan lafti hektaarri Miiliyoona 3 tuqaa 9 misoomuusaa beeksiseera. Ministeera Qonnaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan Misooma, Eegumsa fi Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokkonnon akka jedhanitti, balaawwan nam-tolchee fi uumamaa manca’iinsa bosonaa fidan kanaan dura naannoo irratti miidhaa guddaa geessisanii turaniiru jedhan. Haa ta’u malee jijjiirama biyyaalessaan booda, sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi misooma eegumsa naannootiin hojiin milkaa’aan nageenya sirna-Ikkooloojii naannoo deebisee bayyanachisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Keessumattuu, sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 eegale, aadaa misooma magariisaa hawaasaa dagaagsuun Nageenya sirna ikooloojii naannoo eegsisaa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa 2018tti sulula kuma 22 fi 59 lafa hektaara miiliyoona 4 tuqaa 6 misoomsuuf karoorfame keessaa, hanga ammaatti lafti hektaara miiliyoona 3 tuqaa 9 misooma suluulaa bonaatiin misoomeera. Yeroo ammaa naannoolee adda addaatti haala Ikooloojii giddu galeeffachuun hojiin misooma suluulaa fi eegumsa naannoo hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bal’aan waggoota darban keessatti hirmaannaa hawaasaatiin hojjetameen lafti manca’e deebi’ee akka misoomu taasisuun bu’aan qabatamaa fiduusaa hubachiisaniiru. Hirmaannaan hawaasaa Qindaa’aan Hojii Misooma Suluulaa guddachaa dhufuusaatiin omishtummaan qonnaa dabaluu bira darbee qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf lammiileen hedduun kanniisa horsiisuun, furdisa looniin, misooma muduraa fi kuduraatiin fayyadamoo ta’a akka jiran ibsaniiru. Kunis abbuumaa hawaasaa eegumsa naannoo mirkaneessuun Itiyoophiyaa qabeenya bosonaatiin kan badhaatee fi laliste gochaa jiraachuun ibsameera.
Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuufi damee meetirooloojii ammayyeessuuf hojiin hojjette fakkeenyummaa kan ta’anidha
May 6, 2026 399
Ebla 28/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuufi damee meetirooloojii ammayyeessuuf hojiin hojjette fakkeenyummaa kan ta’an, dandeettii Afrikaa guddisaa kan jiru dha jedhan ogeeyyiin damichaa biyyoota Afrikaa adda addaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa Waldaa (soosaayitii) Meetirooloojii Afrikaa waliin ta’uun konfiraansii saayinsii isaa jalqabaa Finfinneetti qopheessee jira. Ogeeyyiin konfiraansii kanarratti hirmaatan biyyoonni Afrikaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu ilaalcha meetirooloojii fi haayidirooloojii irratti waliin hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kunis sirna akeekkachiisa balaa uumamaa osoo hin uumamin dura dursanii akeekkachiisuuf kan dandeessisu qopheessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Invastimantii teeknooloojii fi bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaan damee kanarratti taasifte dinqisiifannaa qaban ibsuun, Invastimantiiwwan kunneen Itiyoophiyaan alatti walitti hidhamiinsa diinagdee fi dandamannaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabu jedhan. Keessattuu Itiyoophiyaan hojii ashaaraa magariisa hojjechuun, anniisaa haaromfamuu danda’u babal’isuu fi jalqabbii haala qilleensaa dandamachuu danda’u biroo irratti galmeessiste mootummaan tarkaanfii fudhachuuf kutannoo qabaachuu isaa kan agarsiisudha jedhani. Firiidoo Mukaangaa Zimbaabuwee irraa kan dhufan haasaa isaanii kanaan akka jedhanitti, Itiyoophiyaatti damee meetirooloojii ammayyeessuun jijjiirama qilleensaa furuuf hojiin hojjetamaa jiru dinqisiisaa fi biyyoota Afrikaa biroof kaka’umsa ta’uu ibsaniiru. Bakka bu’aan Taanzaaniyaa Doktar Fireediiberit Odungaa akka jedhanitti biyyoonni waliin hojjechuu, qabeenya waliif qooduu fi tarsiimoo qindoomina qabu qopheessuun Afrikaan jijjiirama qilleensaa dandamachuu ishee guddisuu akka qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaan bulchiinsa bishaanii fi ijaarsa hidhaalee elektirikaa bishaanii irratti tattaaffii taasifte jijjiirama qilleensaa ittisuuf Ardiin kun tattaaffii taasiftu keessatti gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan damee bu’uuraalee misoomaa irratti tattaaffiin bal’aan goote Ardii guutuun dandamachuu ijaaruuf carraa guddaa akka uumte eeraniiru. Biyyoonni Afrikaa rakkoolee roga hedduu jijjiirama qilleensaatiin uumaman saffisaa fi bu’a qabeessa ta’een furuuf waliin hojjechuu akka qaban lammii Keeniyaa Maariyaa Lookii Chaarem dubbataniiru. Muuxannoon Itiyoophiyaa biyyoota birootiif faayidaa guddaa akka qabu hubachiisuun, Muuxannoo Itiyoophiyaa irraa ka’uun biyyoonni Afrikaa milkaa’ina Ardii kanaaf hojjechuu akka qabanis ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Godina Jimmaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf biqiltoonni faayidaa hedduu qaban qophaa’aniiru
May 6, 2026 255
Ebla 28/2018(ENA): Godina Jimmaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltoonni tajaajila adda addaa kennan qophaa’uu isaanii Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa obbo Tijaanii Tamaam, biqiltoonni misooma bosonaa, muduraaleef, miidhaginaa fi nyaata beeyladootaa dabalatee kanneen biroo of keessatti qabatan qophaa'uu isaanii ibsaniiru. Kanas milkeessuuf lafti hektaara kuma 91 biqiltuu dhaabuuf qophaa’uu isaa fi hojiin kun akka milkaa’uuf ammaa eegalee carraaqqiin qindoominaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Misooma kanaaf biqiltuu qopheessuu cinatti, biqiltoota kanaan dura dhaabaman kunuunsuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuun, baranas hojiin kun caalaatti cimee akka itti fufu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni Aanaa Qarsaa obbo Mulaatuu Dabalee fi obbo Tijaanii Abbaagoojjam, biqiltoonni dhaabaman wabii nyaataa mirkaneessuuf bu’uura ta’uun isaanii hojiin mirkanaa’uu fi itti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru. Biqiltoonni dhaabaman eegumsa naannoo, soorata beeyladootaa fi naannoo jireenyaaf mijataa uumuu keessatti hiika guddaa akka qabanis kaasaniiru. Kanaafuu, biqiltoota dhaabaman kunuunsuu fi naannoo manca’an mukeeniin uffisuun gahee isaanii akka ba’an dubbataniiru. Qonnaan bultoonni kunneen sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii ta’uu isaaniis ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa eegumsa naannoo cinaatti, wabii nyaataa mirkaneessuu fi dandeettii diinagdee ijaaruu keessatti inisheetivii humna guddaa qa
Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa Fakkeenyummaan kan eeramudha
May 3, 2026 512
Ebla25/2018(ENA):- Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa fakkeenyummaan kan eeramuu fi qabatamaa akka ta'e, Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuutii Guddina Magariisa Addunyaa (GGGI) fi Itiyoophiyaatti Qindeessaan haala Qilleensaa Jijjiirama,Sirna Nyaataa fi Niiwutiriishinii ibsan. Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuuticha Okeechukuu Dani’eel Ogibonayaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaan dhibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuun guddinni isheen galmeessisaa jirtu, Riijinicha misoomaan walitti hidhuuf humna dabalataa uumaa jira. Misoomni Dinagdee Magariisaa kun, gadi lakkifama kaarboonii hir'isuun, Carraa hojii babal'isuu fi Invastimantii hawwachuuf humna dabalataa uumuun isaa, muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu eeraniiru. Biyyattiin misooma anniisaa haaromfamuu kanneen akka Bishaanii, Bubbee fi aduun invastimantiiwwan gurguddoorratti gochaa jirtu, dinagdee jijjiirama qilleensaatiin hin sarbamne ijaaruuf akka ishee dandeessisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Qindeessaan Qilleensaa Jijjiirama, Sirna Nyaataa fi Niiwtirishinii Dooktor Kaffaalanyi Geetaahuun gama isaaniitiin, Misoomni Dinagdee Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, guddina jijjiirama qilleensaa giddugaleeffate ijaaruuf akka ishee dandeessisu eeraniiru. Kanaafis sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuu fi hojiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii oomishtummaan akka dabalu gargaaruu isaa kaasaniiru. Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti rakkoo sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufe dandamachuuf humna ishee ijaaraa akka jirtu qindeessaan kun ibsaniiru. Itiyoophiyaan naannichaa misooma waliiniitiin walitti hidhuuf hojii isheen eegaltee jirtus kan jajjabeeffamu ta'uu isaa dabalanii ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 416
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 3450
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.