Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Rakkoo damee invastimantiin jiru bu'uurarraa furuur xiyyeeffannoon hojjetama
Jul 4, 2026 28
Waxabajjii 27/2018(ENA): Rakkoo damee invastimantiin mudatu bu'uurarraa furuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ahimad Indiriis ibsan. Sagantaa kanaanis carraawwan, haalota mijatoofi sochiiwwan Investimentii Magaalaa Shaggar dhiyaachuun marii bal'aan taasifameera. Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Carraalee gurguddoo Invastimantii fi kenna tajaajilaa Magaalaa Shaggar ilaalchisuun fooramiin invastimentii Finfinnee Hoteela Iskaaylaayitiitti gaggeeffameera.   Waltajjicharratti yaadaa fi gaaffiin hojii invastimentii keessatti mudachaa jiru hirmaattotarraa ka'ee marii'atameera. Fooramicharratti argamuun waltajjii marii kan gaggeessan obbo Ahimad, rakkoolee hojii keessatti Investeroota mudachaa jiru kaasuun tajaajila si’ataa kennuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa rakkoo bu'uuraalee misoomaa fi bulchiinsa gaarii gama Invastimentiin jiru furuun magaalaa Shaggar giddugala invastimentii taasisuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetan ibsaniiru. Magaalaa shaggar magaalaa invastimentii fi hawaasaa taasisuuf hojjetamaa jiras jedhaniiru. Daarektarri Manufakcheringii Industirii Itiyoophiyaa Dr.Milkeessaa Jaagamaa mootummaan rakkoo invastimentiin jiru furuuf kenna tajaajilaa teekinooloojiin deeggarame diriirsuusaa ibsaniiru. Tajaajila invastimantii si’ataa fi ammayaa’aa taassisuuf indoominaan hojjechuun murteessaa ta’uus ibsaniiru. Waltajjicharratti hoggantonni Federaalaa,Naannoo fi bulchiinsa magaalaa Shaggar dhimmichi ilaallatu,dureeyyonni biyya keessaa fi Alaa hirmaachuun marii’ataniiru.
Itiyoophiyaan sagantaalee tarsiimoo eegumsa naannoo hojiirra oolchuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jirti - Ministira Fitsum Asaffaa
Jul 4, 2026 78
Waxabajjii 27 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jirti jedhan Ministirri Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Biyya qulqulluu, fayyaa fi magariisaa dhaloota itti aanuuf dabarsuudhaaf kan eegalame duulli “Itiyoophiyaa Qulqulleettii Dhalootaaf” akka biyyaatti gaggeeffamaa ture marsaa sadaffaa har’a bakka itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti ifatti eegalameera.   Ministirri Ministeera Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Duula Itiyoophiyaa qulqulluu jedhu marsaa sadaffaan bu’aa marsaa lamaan darban keessatti argame bal’inaan babal’isuun misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo biyyattiif dandeettii guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Sochiin kun lammiileef naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e uumuu fi Itiyoophiyaa qulqulluu dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoo waloo ta’uu ibsaniiru.   Babal’inni magaalaa, balfi pilaastikii baay’achaa dhufuu, keemikaalota balaafamaa fi balfa sirnaan bulchuu dhabuun, faalama sagalee fi rakkoolee naannoo biroo fayyaa lammiilee, nageenya naannoo fi imala keenya gara misooma itti fufiinsa qabuutti qormaata ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo hedduu hojiirra oolchaa jira jedhan. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee akka jedhanitti, Sochiileen Itiyoophiyaa Qulqullina marsaa lamaan darban gaggeeffaman eegumsa naannoo irratti bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. Marsaa jalqabaatiin namoota miliyoona 15 ol kan ,marsaa lammaffaatiin ammoo mala miidiyaa adda addaatiin namoota miliyoona 54 ol qaqqabsiisuun abbummaan akka hirmaatan taasifameera jedhani. Sochiin kun marsaa 3ffaan faalama pilaastikii, ittisa keemikaalota balaafamaa fi balfa balaafamaa, akkasumas ittisa faalama sagalee irratti kan xiyyeeffate ta’uu hubachiisaniiru. Sochiin Itiyoophiyaa Qulqulleettii eegumsa naannoo bu’uura kaa’aa jiraachuu ibsuun, milkaa’inni isaas hirmaannaa ummataa cimaa fi kutannoo waloo akka barbaadu ibsaniiru.
Faalama naannoo ittisuun dhimma misoomaa fi nageenya biyyaalessaa egeree biyyattii waliin walqabatedha
Jul 4, 2026 63
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa faalama naannoo ittisuun fi eegumsi naannoo dhimmoota misoomaa fi nageenya biyyaalessaa oomishtummaa dinagdee fi egeree biyyattii waliin walqabatan ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan eegumsa naannoo fi misooma magariisaa Afrikaaf fakkeenya ta’uu akka dandeessus ibsaniiru. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa duula "Itiyophiyaa Qulqulluu Dhalootaaf " jedhu kan marsaa 3ffaa akka biyyaatti ifatti eegalchiisaniiru.   Misoomni koridarii fi misoomni qarqara lagaa mootummaan Ida’amuu hooggansa MM Dr. Abiyyi Ahimad jalatti guutuu biyyattiitti raawwatamaa jiru, magaalota qulqulluu, magariisa, bareedduu fi jiraattotaaf mijataa taasisuu qofa osoo hin taane, hawwata turizimii isaaniis dabalaa jira jedhan. Sochiin Itiyoophiyaa Qulqulleettii marsaa sadaffaa sagantaalee biyyaalessaa kanneen waliin bifa qindoomina qabuun hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Sochiin marsaa sadaffaa cimina kanneen kanaan duraa cimsuu fi qaawwa hordoffii, sirna gabaasaa fi qindoomina dhaabbilee gadi fageenyaan madaaluun qophaa’uu ibsaniiru. Sochiin kun hubannoo uumuu qofa osoo hin taane bu’aa safaramuu danda’u, hordoffii fi madaallii cimaa, itti gaafatamummaa dhaabbilee irratti kan xiyyeeffatu ta’uu beeksisaniiru. Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo ittisa faalama, eegumsa naannoo fi seerota kanaan walqabatan, akkasumas hubannoo hawaasaa uumuu irratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Milkaa’ina sochii kanaa mirkaneessuuf mootummoonni naannolee fi bulchiinsi magaalotaa hundi karoora raawwii ifa ta’e qopheessuun, baajata ramaduun, akkaataa haala naannoo isaaniitti sirna hordoffii fi gabaasa cimaa diriirsuun hojjechuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Keessattuu, pirezidaantonni naannolee, kantiiboonni, fi hoggantoonni dhaabbilee eegumsa naannoo itti gaafatamummaa hoggansa isaanii bu’a qabeessa ta’een akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru. Milkaa’ina sochii biyyaalessaa kanaaf dameen dhuunfaa, dhaabbileen waldaalee siivikii, dhaabbileen amantaa, dubartoonni, dargaggoonni waliin hojjechuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Mariin Biyyaalessaa wal dhaggeeffachuuf,wal hubachuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu'uuradha - Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Jul 2, 2026 2301
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa wal dhaggeeffachuuf,wal hubachuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu'uura ta’uu Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa beeksise. Ibsa tajaajilichi baaseen, Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti marsaa marii haaraa, hunda hammatee fi tarsiimoo keessa akka jirtu ibseera. Marsaan kun hirmaannaa bal’aa ummataatiin garaagarummaa caasaa fi siyaasaa jaarraa hedduuf ture hiikuuf, waltajjii qaroome irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf carraa seena qabeessa ta’edha. Aadaa siyaasaa yeroo dheeraaf waldhabdee fi komii keessootiin guutamee ture jijjiiruun mul’anni hunda hammatee fi waliigaltee biyyaalessaa bu’uura ijoo birmadummaa fi biyya badhaate taasisuu har’a hojiirra oolaa jira. Yeroo ammaa mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhimma filannoo osoo hin taane, dirqama seenaa biyya cimtuu, birmadummaa fi tasgabbaa'aa ijaaruu gaafatudha. Biyya akka Itiyoophiyaa aadaa fi ilaalcha siyaasaa garaa garaa qabdu keessatti, yaada paartii tokko qofa fe’uun furmaata waaraa fiduu hin danda’u. Kanaaf barbaachisummaan Marii Biyyaalessaa yeroo kamuu caalaa mul’achaa jira. Ajandaaleen marii gurguddoo saddeet Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa labse sagalee, abdii fi mul’ata lammiilee Itiyoophiyaa kutaalee biyyattii hundarraa fi kutaalee hawaasaa adda addaa irraa dhufan kan calaqqisiisudha. Ajandaawwan kanneen milkaa’inaan hojiirra oolchuun itti gaafatamummaa paartii tokkoo qofa miti; hirmaannaa dammaqinaan fi si’aa’inaa lammiilee Itiyoophiyaa hundaa gaafata. Milkaa’ina adeemsa seena qabeessa kana keessatti paartileen siyaasaa, dhaabbileen hawaasa siivikii, dhaabbileen amantaa, dargaggoonni, dubartoonni, hayyoonnii fi dhaabbileen biroo gahee mataa isaanii bahuu qabu jedheera. Adeemsi kun ijaarsa sirna dimokraatawaa Itiyoophiyaa jabeessuun biyya nagaa, wal amantaa fi tumsaan jiraatu dhaloota itti aanuuf dabarsee kennuuf carraa seenaa guddaadha. Carraa kanatti ogummaadhaan fayyadamnee hiree egeree biyya keenyaa waliin murteessuu qabna. Kanaaf yaadota hin barbaachifne ajandaalee adeemsa marii biyyaalessaa booressuuf socho’an dura dhaabbannee waldhaggeeffachuu fi wal hubachuuf dursa kenninee, adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti mallattoo gaarii mataa keenyaa kaa’uu qabna. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase rakkoolee mariin furuun nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf ni gargaaru – Hayyoota
Jul 1, 2026 2825
Waxabajjii 24/2018 (ENA): Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase rakkoolee mariidhaan furuun nageenyaa fi misooma waaraa dhugoomsuuf ni dandeessisu jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa. Ajandaalee yaa’ii Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 bara 2018 gaggeefamuuf dhiyaatan keessaa ijaarsa biyyaa, caasaa fi gurmaa’insa mootummaa, akkasumas sirna siyaasaa, bakka bu'insa siyaasaa fi sirni filannoo kanneen eeramaniidha. Dabalataanis, dhimmoota magaalota Federaalaa, dhimmoota amantii, haaloowwan seenaa fi dhimmoota araaraa, ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee akkasumas dhimmoota qonnaan bulaa fi horsiisee bultootaa, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii fi ijaarsi nageenyaa dhimmoota ijoo kan irratti marii’atamudha. Dhimmoota kanneen irratti hayyoota ENA’n dubbise keessaa ijaarsa biyyaatiif haala qaroomeen siyaasaa bilchaataa ta'een mari'achuun dhimma bu'uuraa ta'uu ibsaniiru. Koomishiniin Marii Biyaalessaa Itiyoophiyaas hojiin inni jalqabe kana galmaan ga’uuf gaheen isaa olanaadha jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa. Mariin olantumaa yaadaatiin imaammata filannoo biyyaaf tolu kan itti qophaa'u waan ta'eef, hojiirra oolmaa isaatiifis hirmaannaa ho’aa lammiilee kan gaafatu ta'uu dubbataniiru. Yaada isaanii kanneen kennan keessaa barsiisaan muummee barnoota bulchiinsa uummataa Yuunivarsiitichaa Dr. Fiqaaduu Toleeraa akka ibsanitti, mariin nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf gargaara jedhani. Haala kanaan Komishiniin Marii Biyyaalessaa uummata sadarkaa sadarkaan hirmaachisuun ajandaaleen inni adda baase, rakkoolee turan mariidhaan furuuf kan dandeessisan ta'uu dubbataniiru. Kanaanis hirmaannaan dammaqaa uummatni fi dhaabbileen siiviilii qaban, akkasumas paartileen siyaasaa dhimma biyyaa irratti waliin hojjechuunsaanii kan jajjabeeffamu ta'uu dubbataniiru. Yuunivarsiitii Jimmaatti Muummee barnoota Fookloorii Gargaaraan Pirofeesaraa Kaamiil Mahaammad gama isaaniitiin, duudhaalee marii mandhaalee gara aadaa siyaasaatti fiduun akka barbaachisu ibsaniiru. Adeemsi rakkoolee mariidhaan furuu hojii irra ooluun isaa nagaa fi misooma waaraa galmaan gahuuf akka dandeessisu eeraniiru. Hojiin Koomishinii Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaas garaagarummaa yaadaa gara teessootti fiduun fageenyi inni deeme kan jajjabeeffamu fi aadaa siyaasaa haaraa lafa qabsiisuuf carraa seenaa ta'uu dubbataniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haaraa hundaa’u imala badhaadhina jijjiirama biyyaalessaatiin uumame itti fufsiisuuf imaanaan uummataa irra jira
Jun 30, 2026 2975
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Bu’aa filannoo waliigalaa torbaffaa bu’uura godhachuun kan ijaaramu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa imala badhaadhina jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf imaanaa ummataa akka qaban dura taa’oonni koree dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibsaniiru. Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waggaa shan shaniin ummataan kan filataman sirna filannoo waliigalaa, bilisaa, kallattii, haqa qabeessaa fi iccitii ta’een akka ta’e Heera mootummaa FDRE keewwata 54 irratti ifatti ibsameera. Filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffame hordofuun, injifataan Paartii Badhaadhinaa baatii Fulbaana dhufu keessa mootummaa haaraa ni hundeessa jedhamee eegama. Akka Dura Taa'aan Koree Dhaabbii Karoora, Baajata fi Faayinaansii Mana Maree Dassaalenyi Wadajoo himanitti, filannoo waliigalaa torbaffaan fedhii cimaa lammiileen misooma, nagaa fi bulchiinsa gaariif qaban mirkaneessee jira jedhan. Bu’aa filannoo waliigalaa bu’uura godhachuun kan ijaaramu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa imala badhaadhinaa jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaa uumte itti fufsiisuuf imaanaa ummataa qaba jedhaniiru. Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii dhimma fayyaa, misooma hawaasummaa, aadaa fi ispoortii mana marichaa Doktar Taaddalee Buraakaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaatti piroojektoonni misooma biyyaalessaa hedduun ijaaramaa akka jiran himaniiru. Badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojii hordoffii fi to’annoo cimaa akka raawwatu manni maree haaraa kana ummanni imaanaa itti kenname ta’uus ibsaniiru. Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii seeraa fi haqaa mana maree kanaa kan biraan obbo Isaa Boruu, paartiileen siyaasaa filannoo booda dorgommii gara tumsaatti jijjiiruun dimokiraasii cimaa fi mootummaa ta’e ijaaruuf hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Hawaasni mootummaa cimsuu akka qabu eeruun, akkasumas mootummaan waadaa ummataaf gale raawwachuun piroojektoota misoomaa misoomaaf bu’a qabeessa ta’an ijaaruu qaba jedhani. Badhaadhinaa fi guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi kaayyoo misooma biyyaalessaa galmaan gahuuf qaamoleen hundi gahee isaa bahuu akka qabus ibsaniiru. Manni marichaa itti gaafatamummaa seerota galma misoomaa galmaan gahuu danda’an baasuu fi Itiyoophiyaa mallattoo badhaadhina taasisuu danda’u baafachuu qaba jedhaniiru. Misooma koridarii dabalatee pirojektoonni misoomaa adda addaa milkaa’inaan raawwatamaa akka jiran hubachiisuun, hawaasni beekumsa, anniisaa fi dandeettii qabuun mootummaa waliin hiriiruun guddina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee isaa bahachuutu irraa eegama jedhan. #ENA_Afaan Oromoo #ENA
Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Obbo Adam Faaraah
Jun 29, 2026 3625
Waxabajjii 22/2018(ENA) : Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii obbo Adam Faaraah ibsani. Obbo Adam Faaraah guyyaa har’aa Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayin waliin mari’ataniiru.   Cheen Haayin wayita sana Paartiin Kooministii Chaayinaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuufi Paartiin Badhaadhinaa injifachuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarse dhiyeessaniiru. Paartichi ergaa isaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin nageenyiifi tasgabbii waaraan, tokkummaan biyyaalessaafi badhaadhinni gama hundaa akka mirkanaa’u amantaa qabu ibseera. Bu’aan filannichaa deeggarsa uummanni Itiyoophiyaa Paartii Badhaadhinaaf qabu kan agarsiisuufi yeroo itti aanuttis paartichi uummata Itiyoophiyaa hirmaachisuun galma Itiyoophiyaa biyya fakkeenyummaatti ceesisuuf qabame akka dhugoomsu eereera. Paartichi waliigalteewwan Kanaan dura mallatteeffaman hojiirra akka oolaniif hojjechuu akka itti fufu akkasumas guddina biyyoota lameeniif tumsa cimaa akka uumu mirkaneesseera. Obbo Adam Faaraah gamasaaniin, Paartiin Badhaadhinaa hariiroo uummattootaafi mootummootaa akkasumas tumsi Paartii Kooministii Chaayinaa waliin qabu cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.   Paartileen lameen yaadamoota mandhaleen hogganamuun furmaatawwan maddisiisuun bu’aa galmeessisuu eeruun, dhimmoota dam-daneessa irratti tumsaan hojjechuu irra darbee deeggarsa gama maraa dameewwan garaagaraarratti taasifamaa jiraniif galateeffataniiru. Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa hedduun Itiyoophiyaa keessatti, keessumaa albuuda, tajaajila, paarkii industirii, hubannoo namtolchee (artificial intelligence) fi ijaarsa irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Qaamonni lamaan bu’aawwan gama hundaan argame itti fufsiisuu fi hariiroo paartilee cimsuun waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Manni  maree ministirootaa walga’iisaa idilee gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtee dabarse
Jun 26, 2026 6528
Waxabajjii 19/2018 (ENA)- Manni maree ministirootaa walga’iisaa idilee 57ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murteewwan dabarseera. 1. Manni marichaa jalqaba walii galteewwan deeggarsaa fi liqii sadii waldaa misoomaa addunyaa waliin mallatteeffamanirratti mari’ate. Kan jalqabaa imaammata misooma guddinaa fulla’aa fi hunda hammataa raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba afurii fi miiliyoona soddomii torbaa fi kuma dhibba afurii (437,400,000) irratti mari’ate. Kan lammataa sagantaa qabannaa lafaa hawaasa irratti xiyyeeffatee walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona afurtamii shanii fi kuma dhibba shanii (145,500,000) ti. Kan sadaffaa pirojektii oomishtummaa misooma jallisii fulla’aa jijjiirama haala qilleensaan hin miidhamne raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona 54 fi kuma dhibba jaha(54,600,000) ti. Manni marichaa wixinee labsii waliigalteewwan liqii sadanuu irratti mari’atee mana maree bakka bu’ootaaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 2. Itti aansuun manni marichaa wixinee dambiiwwanii dhaabbileen ministeera bishaanii fi inarjii, tajaajila galmee fi mana kitaabaa fi tajaajilli madaallii fi qormaata barnootaa tajaajiloota garagaraa kennaniif kaffaltiiwwan tajaajilaa kaffalaman murteessuuf dhihaatanirratti mari’ateera. Manni marichaas danbiiwwanirratti mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.   3. Itti aansuun Manni marichaa wixinee labsii walii galtee miseensummaa Niwu develoopimanti baankii Itiyoophiyaa dhaabuuf dhihaaterratti mari’ate. Manni marichaas dhimmicharratti mari’atee galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 4. Manni marichaa itti aansuun wixinee imaammataa industirii konistiraakshinii irratti mari’ateera Manni marichaas bal’inaan mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa mana marichaaf raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2019 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 5. Xumurarrattis wixinee imaammataa misooma magaalaarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana marichaan guyyaa itti raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessuusaa odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame ni mul’isa.
Aadaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Itiyoophiyaa keessatti gara boqonnaa haaraatti ce'aa jira – Obbo Mallas Alamuu
Jun 25, 2026 5882
Waxabajjii 18/2018 (ENA)– Itiyoophiyaa keessatti dirree siyaasaa bal'isuudhaan ijaarsi sirna diimokiraasii gara boqonnaa haaraatti ce'aa jiraachuu isaa, Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Mallas Alamuu ibsan. Filannoon waliigalaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame, paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an 42 fi lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman adeemsa sagalee kennuu keessatti kan hirmaatan filannoo seena-qabeessa ta'ee xumurameera. Gamtaan Afriikaa, IGAD, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa fi dhaabbileen hawaasa siivilii hedduun adeemsi filanichaa bilisa, haqa-qabeessaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaa ragaa ba'uun mirkaneessaniiru. Guyyaa filannoo sanas lammiileen ganama sa'aatii 10:00 irraa eegalee hanga halkan walakkaatti hiriiruun, ijaarsa sirna dimokiraasiitiif kutannoo qaban gochaan agarsiisaniiru. Obbo Mallas Alamuu ENA'f akka ibsanitti; filannoon waliigalaa 7ffaan filannoo paartilee fi imaammataa qofa osoo hin taane, filannoo sirnaati. Dhaabbileen dimokiraasii fi ummatni Itiyoophiyaa abbaa aangoo ta'uun bilisummaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaanii filannoo gochaan mirkaneessan ta'uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni fedhii diimokiraasii dhugaa qaban firaafis diinaafis kan itti agarsiisan ta'uu eeranii; filannoo duraatii hanga filannoo boodaatti qindoominni agarsiifame kan dinqisiifatamuu dha jedhaniiru. Filannichi dorgommii paartilee siyaasaa irra darbee, kabaja biyyaalessaa fi bilisummaan kan itti mul’ate waan ta'eef “ Itiyoophiyaan mo'atteetti" jedhaniiru. Barii jijiiramichaarraa eegalee riifoormiin siyaasaa bal'aan taasifame cunqursaa fi baqattummaa paartilee hambisuun, dirree dorgommii siyaasaa fayyaalessa ta'e akka uumamu taasisuu isaa ibsaniiru. Fooyya'iinsi seeraa fi imaammata filannoo waliigalaa 6ffaa fi 7ffaa keessatti hirmaannaa paartilee guddisuudhaan, ijaarsi aadaa diimokiraasii haaraa akka dhalatu gochuu isaa ibsaniiru. Kunis paartileen siyaasaa maddi aangoo sagalee ummata irraa kennamu ta'uu hubachuudhaan, ijaarsa aadaa dimokiraasii keessatti gahee ijaarsaa irraa eegamu akka ba'atan carraa uumuusaa ibsaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa keessatillee paartileen siyaasaa dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun, ijaarsa aadaa dimokiraasiitiif qaamolee ashaaraa isaanii kaa’an galatteeffataniiru. Mootummaan jijjiiramaa dhimmoota faayidaa biyyaalessaa irratti dorgommii irra hojii gamtaatti xiyyeeffate diriirsuun , filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti paartileen dorgomtoota ta'an faayidaa biyyaalessaa irratti ejjennoo tokko akka qabaatan godheera jedhan. Kunis bu'aa dimokiraasii guddaa ta'uu isaa kaasuun; garaagarummaan akkuma eegametti ta'ee, paartilee gidduutti amanamummaa uumuun qaamolee Itiyoophiyaaan akka dadhabdu barbaadanii fi diinota seenaa akka qaaneffatan taasiseera jedhaniiru.  

Hawaasummaa
Diinagdee
Rakkoo damee invastimantiin jiru bu'uurarraa furuur xiyyeeffannoon hojjetama
Jul 4, 2026 28
Waxabajjii 27/2018(ENA): Rakkoo damee invastimantiin mudatu bu'uurarraa furuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ahimad Indiriis ibsan. Sagantaa kanaanis carraawwan, haalota mijatoofi sochiiwwan Investimentii Magaalaa Shaggar dhiyaachuun marii bal'aan taasifameera. Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Carraalee gurguddoo Invastimantii fi kenna tajaajilaa Magaalaa Shaggar ilaalchisuun fooramiin invastimentii Finfinnee Hoteela Iskaaylaayitiitti gaggeeffameera.   Waltajjicharratti yaadaa fi gaaffiin hojii invastimentii keessatti mudachaa jiru hirmaattotarraa ka'ee marii'atameera. Fooramicharratti argamuun waltajjii marii kan gaggeessan obbo Ahimad, rakkoolee hojii keessatti Investeroota mudachaa jiru kaasuun tajaajila si’ataa kennuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa rakkoo bu'uuraalee misoomaa fi bulchiinsa gaarii gama Invastimentiin jiru furuun magaalaa Shaggar giddugala invastimentii taasisuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetan ibsaniiru. Magaalaa shaggar magaalaa invastimentii fi hawaasaa taasisuuf hojjetamaa jiras jedhaniiru. Daarektarri Manufakcheringii Industirii Itiyoophiyaa Dr.Milkeessaa Jaagamaa mootummaan rakkoo invastimentiin jiru furuuf kenna tajaajilaa teekinooloojiin deeggarame diriirsuusaa ibsaniiru. Tajaajila invastimantii si’ataa fi ammayaa’aa taassisuuf indoominaan hojjechuun murteessaa ta’uus ibsaniiru. Waltajjicharratti hoggantonni Federaalaa,Naannoo fi bulchiinsa magaalaa Shaggar dhimmichi ilaallatu,dureeyyonni biyya keessaa fi Alaa hirmaachuun marii’ataniiru.
Manni Maree Naannoo Hararii wixinee baajata bara baajataa 2019 Birrii biiliyoona 12.8 ol akka ta’u murteesse
Jul 4, 2026 108
Waxabajjii 27 /2018 (ENA): Manni Maree Mootummaa Naannoo Hararii wixinee baajata mootummaa naannichaa bara baajataa 2019 Birrii biiliyoona 12 fi miiliyoona 8 ol akka guddatu murteesse. Manni Marichaa wixinee baajata bara bajataa 2019 Biiroo Maallaqaa fi Tumsa Diinagdee naannichaan dhiyaate irratti gadi fageenyaan mari’atee mana maree naannichaaf galtee kenneera.   Haaluma kanaan baajata sadarkaa naannootti ramadamu keessaa dhibbeentaan 60 baajata kaappitaalaaf kan ramadamu yoo ta’u, dhibbeentaan 38 ammoo baajata idileef kan ooludha. Baajata kana irra caalaa galii maddoota naannichaa adda addaa irraa sassaabame, akkasumas deeggarsa mootummaan federaalaa karaa Mana Maree Federeeshinii fi maddoota birootiin naannoleef kennuun kan yaada keessa galchedha. Baajatni kun bara darbe yeroo walfakkaataa irraa dhibbeentaa 33’n caala. Pireesidaantiin Naannoo Hararii obbo Ordin Badrii akka himanitti, Hojiin pirojektoota hin xumuramne bara bajataa 2018 eegalaman xumuruu fi hojiitti galchuuf xiyyeeffannoon ni kennama jedhaniiru. Hojiiwwan fedhii bu’uuraalee misoomaa ummataa baadiyyaa fi magaalaa guutuu danda’an irratti xiyyeeffannaan addaa kennameera jedhan. Misooma koridarii baadiyyaa fi magaalaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, barnootaa fi fayyaa irratti xiyyeeffannaan ni kennama jedhaniiru. Keessumattuu haala jireenya ummataa fooyyessuu fi fedhii bu’uuraa guutuu danda’uun qusannoo bu’uura godhachuun baajatni kun kan itti fayyadamamu ta’uu ibsaniiru.   Dameewwan hiyyummaa hir’isuu irrattis tattaaffiin akka hojjetamus akeekaniiru. Gama naannichatti galii walitti qabuun xiyyeeffannoon socho’uun barbaachisaa ta’uu, kanaafis diinagdeen naannichaa saffisa karoorfameen sassaabamuu akka qabu hubachiisaniiru. Manni marichaa wixinee labsii baajata bara 2019 yaadame irratti erga mari’atee booda galtee dabalataa itti dabaluun mana maree naannichaaf akka dabarsu sagalee guutuun murteesseera.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunivarsiitichi sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaa naannoosaatiif raabsaa jira
Jun 30, 2026 2802
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo sanyii saawwan Aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaan naannichaa akka irraa fayyadamuuf deeggarsa gama isaatiin taasisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitii Amboo Kaampasii Gudar Maammoo Mazammiritti Itti Aanaan daarektara dhimmoota akkaadaamii Dr. Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti, yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, qorannoodhaan deeggaruun sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisee qonnaan bulaa naannoo sanaatiif akka qaqqaban taasisaa jira jedhan. Yuunivarsiitichi Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin qindoomuun, kutaalee hawaasaa deeggarsi isaaniif malu adda baasuun, haala saawwan aannan fooya’aa kunneen itti dhiyaatan mijeessuun deeggarsa akka taasisan dubbataniiru. Kunis galii qonnaan bultootaa dabaluu bira darbee, naannichatti dhiyeessiin aannanii fi bu’aalee aannanii bal’inaan gabaadhaf akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitichi bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti saawwan aannan sanyiin isaanii fooyya’e 15 qonnaan bultoota naannoo sanatiif kennuu isaa dubbataniiru. Gama biraatiin, kaampasichatti hogganaan garee qorannoo horsiisa sawwan aannanii Obbo Tarreessaa Tamasgeen, yuunivarsiitichi omisha aannanii hawaasaa guddisuuf sanyii saawwan Horroo, Booranaa fi sanyii biyya alaa qorannoodhaan makuunii fi horsiisuun qonnaan bultoota naannootiif raabsaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti saawwan Aannan qorannoodhaan sanyiin isaanii fooyya’e 170 akka jiran kaasanii, isaan keessaas kurnan isaanii bara kana qonnaan bultootaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irraa qonnaan bulaan Misgaanaa Lataa akka dubbatanitti, saawwan Aannanii Yuunivarsiiticha irraa isaaniif kenname irraa guyyaatti aannan hanga liitira 15 argachaa jiru. Omisha aannanii kana hawaasa naannootiif dhiyeessuun galii argataniin maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran dubbataniiru.
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 3777
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 4607
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru.   Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Ispoortii
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 1437
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 5893
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan sagantaalee tarsiimoo eegumsa naannoo hojiirra oolchuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jirti - Ministira Fitsum Asaffaa
Jul 4, 2026 78
Waxabajjii 27 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jirti jedhan Ministirri Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Biyya qulqulluu, fayyaa fi magariisaa dhaloota itti aanuuf dabarsuudhaaf kan eegalame duulli “Itiyoophiyaa Qulqulleettii Dhalootaaf” akka biyyaatti gaggeeffamaa ture marsaa sadaffaa har’a bakka itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti ifatti eegalameera.   Ministirri Ministeera Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Duula Itiyoophiyaa qulqulluu jedhu marsaa sadaffaan bu’aa marsaa lamaan darban keessatti argame bal’inaan babal’isuun misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo biyyattiif dandeettii guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Sochiin kun lammiileef naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e uumuu fi Itiyoophiyaa qulqulluu dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoo waloo ta’uu ibsaniiru.   Babal’inni magaalaa, balfi pilaastikii baay’achaa dhufuu, keemikaalota balaafamaa fi balfa sirnaan bulchuu dhabuun, faalama sagalee fi rakkoolee naannoo biroo fayyaa lammiilee, nageenya naannoo fi imala keenya gara misooma itti fufiinsa qabuutti qormaata ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo hedduu hojiirra oolchaa jira jedhan. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee akka jedhanitti, Sochiileen Itiyoophiyaa Qulqullina marsaa lamaan darban gaggeeffaman eegumsa naannoo irratti bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. Marsaa jalqabaatiin namoota miliyoona 15 ol kan ,marsaa lammaffaatiin ammoo mala miidiyaa adda addaatiin namoota miliyoona 54 ol qaqqabsiisuun abbummaan akka hirmaatan taasifameera jedhani. Sochiin kun marsaa 3ffaan faalama pilaastikii, ittisa keemikaalota balaafamaa fi balfa balaafamaa, akkasumas ittisa faalama sagalee irratti kan xiyyeeffate ta’uu hubachiisaniiru. Sochiin Itiyoophiyaa Qulqulleettii eegumsa naannoo bu’uura kaa’aa jiraachuu ibsuun, milkaa’inni isaas hirmaannaa ummataa cimaa fi kutannoo waloo akka barbaadu ibsaniiru.
Faalama naannoo ittisuun dhimma misoomaa fi nageenya biyyaalessaa egeree biyyattii waliin walqabatedha
Jul 4, 2026 63
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa faalama naannoo ittisuun fi eegumsi naannoo dhimmoota misoomaa fi nageenya biyyaalessaa oomishtummaa dinagdee fi egeree biyyattii waliin walqabatan ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan eegumsa naannoo fi misooma magariisaa Afrikaaf fakkeenya ta’uu akka dandeessus ibsaniiru. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa duula "Itiyophiyaa Qulqulluu Dhalootaaf " jedhu kan marsaa 3ffaa akka biyyaatti ifatti eegalchiisaniiru.   Misoomni koridarii fi misoomni qarqara lagaa mootummaan Ida’amuu hooggansa MM Dr. Abiyyi Ahimad jalatti guutuu biyyattiitti raawwatamaa jiru, magaalota qulqulluu, magariisa, bareedduu fi jiraattotaaf mijataa taasisuu qofa osoo hin taane, hawwata turizimii isaaniis dabalaa jira jedhan. Sochiin Itiyoophiyaa Qulqulleettii marsaa sadaffaa sagantaalee biyyaalessaa kanneen waliin bifa qindoomina qabuun hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Sochiin marsaa sadaffaa cimina kanneen kanaan duraa cimsuu fi qaawwa hordoffii, sirna gabaasaa fi qindoomina dhaabbilee gadi fageenyaan madaaluun qophaa’uu ibsaniiru. Sochiin kun hubannoo uumuu qofa osoo hin taane bu’aa safaramuu danda’u, hordoffii fi madaallii cimaa, itti gaafatamummaa dhaabbilee irratti kan xiyyeeffatu ta’uu beeksisaniiru. Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo ittisa faalama, eegumsa naannoo fi seerota kanaan walqabatan, akkasumas hubannoo hawaasaa uumuu irratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Milkaa’ina sochii kanaa mirkaneessuuf mootummoonni naannolee fi bulchiinsi magaalotaa hundi karoora raawwii ifa ta’e qopheessuun, baajata ramaduun, akkaataa haala naannoo isaaniitti sirna hordoffii fi gabaasa cimaa diriirsuun hojjechuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Keessattuu, pirezidaantonni naannolee, kantiiboonni, fi hoggantoonni dhaabbilee eegumsa naannoo itti gaafatamummaa hoggansa isaanii bu’a qabeessa ta’een akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru. Milkaa’ina sochii biyyaalessaa kanaaf dameen dhuunfaa, dhaabbileen waldaalee siivikii, dhaabbileen amantaa, dubartoonni, dargaggoonni waliin hojjechuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.
Odeeffannoon Raaga Qilleensaa bu'a-qabeessa akka ta'uuf qindoominni qaamolee dhimmi ilaallatuu cimuu qaba
Jul 3, 2026 517
Waxabajjii 26/2018(ENA): Odeeffannoon raaga qilleensaa Istitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa tamsaasu bu'aa barbaadamu akka fiduuf qaamoleen dhimmi ilaallatuufi hawaasni fayyadamaan qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsame. Marii hojii keessatti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa darbe irratti gamaaggamni gaggeeffamee fi raaga yeroo Gannaa dhufu ilaalchisee mariin qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachise Magaalaa Roobeetti adeemsifamaa jira. Daayirektarri Giddugala Tajaajila Meetirooloojii Kibba Oromiyaa Inistitiyuutichaa obbo Mulaatuu Warqinaa akka ibsanitti, tajaajilli raaga qilleensaa caalaatti ammayyaa fi hawaasa bira ga'aa akka ta'uuf hojii bal'aan hojjetamaa jira jedhani. Tajaajila meetiyorooloojii babal'isuu fi ammayyeessuun raaga qilleensaa dhugaa waliin walitti dhiyeenya qabu kennuuf gargaara jedhan. Akka ibsanitti, yeroo Gannaa dhufu keessatti naannolee Kibba Oromiyaa keessatti roobni dhibbeentaa 20 ol idilee olii, dhibbeentaa 45 idilee, akkasumas dhibbeentaa 35 immoo idilee gadi akka ta'u tilmaamameera. Kanaaf qaamoleen dhimmi ilaallatu keessumaa naannolee roobni idilee gadi ta'uu danda'u jedhaman keessatti qonnaan bultoonni sanyii yeroo gabaabaa keessatti ga'u akka facaasan deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa akka taasisan jechuun dhaamaniiru. Akkasumas hoggantoonni sadarkaa garaagaraatti argamanii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu odeeffannoo raaga haala qilleensaa sirnaan hojii irra oolchuun miidhaa uumamuu malu hir'isuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru. Itti Aanaan Hogganaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee obbo Mu’aawiyyaa Fu’aad gamasaaniin, odeeffannoon raaga qilleensaa yeroo yeroon kennamu carraa gaarii fayyadamuuf akkasumas balaa mudachuu malu hir'isuuf gargaarsa guddaa akka qabu ibsaniiru. Hirmaattonni marichaas odeeffannoon raaga qilleensaa yeroo yeroon Inistitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaatiin kennamu hojii hawaasummaa fi dinagdee milkeessuuf shoora olaanaa akka taphatu mootummaa fi hawaasaaf bu'aa qabaachuu isaa eeraniiru. Giddugalli Tajaajila Meetirooloojii Kibba Oromiyaa Godinaalee Baalee, Baalee Bahaa, Booranaa, Gujii, akkasumas kutaa Arsii fi Arsii Lixaa akka tajaajilu ibsameera.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 26698
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 10760
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 13049
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015