ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Magaalaan Shaggarii fi Midire gannat shireen qabxii qooddatan
Feb 4, 2026 27
Amajjii 27/2018(ENA)- Pireemar liigii Itiyoophiyaa sagantaa torban 19ffaan tapha jalqabaan Magaalaa Shaggarii fi Midire gannat shireen galchii malee qixaan adda bahaniiru. Taphichi Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameera. Bu’aa kana hordofuuun Magaalaan Shaggar qabxii 21n sadarkaasa 13ffaarraa gara 12ffaatti ol guddifateera. Guddaattuu haaraan Magaalaan Shaggar inijifannoo ittifufaa galmessuu hin dandeenye. Midire Gannet Shireen qabxii 23n sadarkaa 11ffaarraa gara 10ffaatti ol siiqeera . Garichi taphoota sadan darban hin mo’anne.
Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’eera
Feb 4, 2026 26
Amajjii 27/2018(ENA)- Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa walgahii idilee 10ffaarratti argamanii gabaasa raawwii batii 6 irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Dameen dijiitalaa keeessumaa fayyadamtoonni tajaajila Mobaayilaa guddachaa dhufuusaa kaasaniiru. Yeroo jijiiramni dhufu lakkoofsi fayyadamtota mobaayilaa miiliyoona 37 akka ture kaasuun, yeroo ammaa Itiyoo- Telekoomiin, miiliyoona 87, saafaarii koomiin miiliyoona 10 ol walii gala fayyadamtoonni mobaayilaa miiliyoona 97 jiraachuusaanii eeraniiru. Kunis jijiiramaa asitti miiliyoona 60n dabaluusaa agarsiisa kan jedhan ministirri muummee, ta’us kun ga’aa akka hin taanee fi tokkoon tokkoo Itiyophiyaanotaa fayyadamtota mobaayilaa akka ta’an hojjetamuu akka qabu ibsaniiru. Dhaqqabamummaan Tajaajila neetworkii 4G fi 5G babal’achaa jiraachuu kaasuun, magaalonni kuma 1 fi 70 fayyadamtoota 4G akkasumas magaalonni 28 fayyadamtoota 5G ta’uusaanii dubbataniiru. Kunis lammiileen tajaajilaa fi daldala si’ataa akka argatan dandeessisaa jira jedhaniiru. Damee faayinaansiin waggoottan sadanii asitti lakkoofsi daddabarsa maallaqaa mobaayilaa miiliyona 58 ga’uu eeraniiru. Sirni gurgurtaa dijiitaalaas maallaqa callaan gochuurra saffisaaan gaggeeffamuu eeranii, kunis bu’aa Imaammata imala tarkaanfii Itiyoophiyaa ta’uusaa kaasaniiru. Tajaajila kaffaltii dijiitalaanis baatiiwwan ja’an darban bu’aawwan galmaa’an kan waggaa darbee yeroo Kanaan yoo madaalamu dhibbantaa 60 dabaluu eeraniiru. Qusannaa maallaqaa dijiitaalaa fi tajaajilli qusannoo guddachuusaa hubachiisaniiru.
Qortaan sirna Gadaa beekamaan piroofeesar Asmaroom Laggasaa addunyaa kanarraa du’aan boqotan
Feb 4, 2026 31
Amajjii 27/2018 (ENA)- Qortaan sirna Gadaa beekamaan piroofeesar Asmaroom Laggasaa addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru. Piroofeesar Asmaroom sirni Gadaa akka eegamu, akka kabajamuu fi sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argatu nama hojjetanidha. Keessumaa duudhaaleen demokiraatawaa ummata Oromoo barreeffamaan dhalootaaf akka darban gumaacha olaanaa taasisaniiru. Kitaabonnii fi hojiileen qorannoo hedduun sirna Gadaa ilaalchisuun kan barreessan Piroofeesar Asmaroom, demokiraatawummaa sirnichaa agarsiisuun kabajamuu mirga namoomaa fi kabaja ummattootaaf nama qabsaa’anidha. Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa du’a piroofeessar Asmaroom Laggasaatti gadda itti dhaga’ame ibsanii, maatiisaanii fi michootasaaniif jajjabina hawwaniiru.
Bulchiinsi Magaalichaa rakkoo manaa bu’uurarraa furuuf filannoowwan ijaarsa manaa adda addaa hojiirra oolchuusaa cimsee itti fufa
Feb 4, 2026 30
Amajjii 27/2018(ENA)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee rakkoo dhiheessii manaa bu’uurarraa furuuf filannoowwan adda addaa hojiirra oolchuu cimsee akka ittifufu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanach Abeebee Barsiisoni magaalittii jiran mana akka qabaatanii fi ijaarsa qe’ee mana jireenyaa guyyaa har’aa eegalchiisaniru. Kanaanis barsiisota kuma 6 fi 194 waldaalee 57n gurmaa’an fayyadamoo kan taasisu yoo ta’u, fayyadamtoonni gatii waliigalaa manichaa dhibentaa 25 dursanii kan qusatanidha. Kantiibaa Adaanach Abeebee Wayitasana akka jedhanitti yeroo ammaa Magaalaan Finfinnee jijiirama Ariifataa galmeessaa jireenyaaf mijattuu fi daawwattoota kan hawwattu ta’aa dhufteetti. Guddina kana hordofuun fedhii mana dhufu guutuuf Bulchiinsi Magaalichaa filannoowwan adda addaan ijaarsa manaa raawwachaa jira jedhaniiru. Waggoottan jijjiiramaa darban maneen hedduun ijaaramanii fayyadamtootaaf dabarsuun danda’ameera kan jedhan Kantiibaan kun,guyyaa har’aa barsiisota utubaa ijaarsa biyyaata’an xiyyeeffannoo addaa itti kennuun ijaarsa kana eegalleera jedhaniiru. Barsiisonni waldaan gurmaa’uunii fi qusannoo barbaachisu qusachuun fayyadamoo carrichaa ta’uusaanii ibsaniiru. Bulchiinsi magaalichaa lafa hektaara 40 liiziirra bilisa ta’e qopheessuu ibsuun, ijaarsichi yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf bu’uuraaleen misoomaa barbachisan akka guutaman ni taasifamu jedhaniiru. Barsiisonni biyya ijaaruunii fi dhaloota qaruurratti qooda bakka hin bu’amne guumaachaa jiraachuusaanii raajeffachuun, ijaarsi qe’ee jireenyaa yeroo xumuramu qaala’insa jireenyaa barsiisotaa hir’isuurra darbee, qulqullina barnootaa eegsisuurratti hirmaannaa qabaatan guddisa jedhaniiru.
Saawwan Booranaa sanyii fooyya’aa waliin diqaalomsuun bu’aan omisha Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argameera
Feb 4, 2026 28
Amajjii 27/2018(ENA)-Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatti saawwan Booranaa sanyii fooya’aa waliin diqaalomsuun bu’aa Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argamuu ibse. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Tashoomaa Boggaalaa ENA’f akka ibsanitti, horiin Booranaa Foonsaanii fooyya’aa ta’us omishni aannanii irraa argamu xiqqaadha. Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluuttti saawwan Booranaa Korma sanyii biyya Alaa waliin diqaalomsuun gorommiin omisha Aannanii fooyya’aa kennan dhalachuusaanii ibsaniiru. Hojii qorannoo gaggeeffameen horii Booranaa diqaalomsuun hin barbaachisu sanyiinsaanii foyya’oodha yaadamni jedhu jijiiramuu danda’eera jedhaniiru. Fakkeenyaaf saawwan Booranaa waliin diqaalomsuun jabbiileen dhalatan guddinnisaanii saffisaa fi omisha aannanii fooyya’aa kan kennan ta’uusaanii eeraniiru. Jabbiileen sun bakkeewwan biyyattii kamittuu kan madaqan yoo ta’u waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti deebi’anii dhaluu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Saawwan Booranaa omisha Aannanii guyyaatti kennan liitira lama kan hin caalle ta’uu eeruun gorommiiwwan diqaalomsuun dhalatan guyyaatti Aannan hanga liitira 10n akka elmaman beeksisaniiru. Gorommiiwwan Booranaa dhalataa jalqabaa sanyiinsaanii fooyya’e 120 baatii 6 keessatti akka gahan taassifamuu hubachiisaniiru. Qorannoo marsaa lammataan sanyiiwwan fooya’an immoo guyyaatti Aannan liitira 15 hanga 20 akka elmaman ibsaniiru. Kanaanis Omishaa fi omishtummaa Aannanii dabaluurra darbee fayyadamummaa Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa guddisuun danda’ameeera jedhaniiru
Siyaasa
Mootummaan filannoo dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa taasisuuf kutannoo qabu agarsiiseera
Feb 4, 2026 51
Amajjii 27/2018 (ENA) - Mootummaan filannoo biyyoolessaa 7ffaa dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa taasisuuf kutannoo qabu agarsiiseera jedhan Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa, Walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeesseera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa ji’oota jahaa bara baajataa 2018 irratti gaaffii miseensonni Mana Marichaa gaafataniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti filannoon bara kanaa filannoo darbe caalaa haqa qabeessa, nagaa, hirmaachisaa fi fooyya’aa akka ta’u ni mirkaneessina jedhani. Mootummaan haala filannoo babal’isuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa doktar Mabraatuu Alamuu gama qophii fi filannoo dimookiraatawaa taasisuuf gaaffilee ka’aniif mootummaan deebii quubsaa kenneera jedhani. Mootummaan Filannoo Waliigalaa Biyyoolessaa 7ffaa dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf kutannoo qabu ibseera jedhaniiru. Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Masfin Irkaabee filannicha karaa nagaa fi dimokiraatawaa ta’een gaggeessuuf kan dandeessisan haalonni uumamuu himaniiru. Itiyoophiyaan yeroo duula biyya baraaruu gidduu turtetti filannoo akka geggeessite yaadachiisuun, rakkoon nageenyaa filannoo baranaa gufachiisuu danda’u akka hin jirre dubbataniiru. Filannoon kun haqa qabeessa, dimokiraatawaa fi ummata biratti amanamaa akka ta’u amantaa qaban ibsuun, kanaafis paartileen kaadhimamaa galmeessuu eegalaniiru jedhan. Miseensi Mana Maree Gorsaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Ustaaz Kaamiil Shamsuu akka jedhanitti, filannoon agarsiiftuu shaakala dimokiraasii hawaasa tokkoo ta'uu ibsaniiru. Mootummaan filannoo bifa dimokiraatawaa ta’een gaggeessuuf kutannoo akka qabu eeruun, kana irra darbee immoo hawaasni filannoon hirmaachisaa akka ta’uuf gahee isaa bahachuu qaba jedhani.
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Lakkoofsa gabatee konkolaataa haaraa hojiirra oolchuufi
Feb 4, 2026 47
Amajjii 27/2018(ENA)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Amajjii 28 bara 2018 irraa eegalee lakkoofsa gabatee konkolaataa haaraa hojiirra akka oolchu beksise. Poolisii Federaalaa Itiyophiyaatti hogganaan Qajeelcha olaanaa Loojistiksii gargaaraan komishinaraa Isheetuu Fiixaa jijjiirraa gabatee lakkoofsa konkolaataa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsasaaniin jijiiraan gabatee konkolaataa qaama hojii riifoormii hunda galeessa dhaabbatichi gaggeessaa jiru ta’uu ibsaniiru. Gabateen ammaan dura hojiirra ture kan wal hinfakaanne waan ta’eef hojmaataaf rakkisaa ta’ee turuusaa ibsaniiru. Dhaabbatichi haala yeroo gituun teekinooloojii dijiitaalaa waliin walqabsiisuun jijiirraa gabatee konkolaataa taasisuusaa ibsaniiru. Boruu eegalee lakkoofsi gabatee konkolaataa Polisii Federaalaa hojiirra oolu lakkoofsa icciitii addaa nageenya eegu kan of keessaa qabu waan ta’eef tajaajilicha si’ataa taasisa jedhaniiru. Akkasumas dandeettii dorgommii Idil-Aaddunyaa dhaabbatichaa kan dabaluu fi tajaajilicha gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu akka ta’e ibsaniiru.
Filannoo waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa taasisuu keessatti gahee keenya bahuuf qophiidha - Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii
Feb 4, 2026 44
Amajjii 27/2018 (ENA) - Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivikii filannoo waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa taasisuuf qophii bal’aa taasisaa jiraachuu beeksise. Pirezidaantiin Mana Marichaa Ahimad Huseen turtii ENA waliin taasisaniin, Manni Marichaa filannoo waliigalaa torbaffaa dhufu nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf qophii bal’aa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan barnootaa fi hubannoo filannoo irratti kennuu, waltajjii falmii fi iftoomina paartileef haala mijeessuuf, hojii taajjabbii filannoo gaggeefamu irratti hirmaachuuf hojjechaa akka jiran himaniiru. Dhaabbileen waldaalee siivikii 200 ol ta’an Boordii Filannootti galmaa’anii eeyyama argachuu isaanii eeruu, dhaabbileen kunneen ragaa hojii eegaluuf isaan dandeessisu Boordii Filannoo irraa erga argataniin booda hojii isaanii ifatti kan jalqaban ta’uu himaniiru. Jijjiiramni biyyoolessaa erga mul’atee as labsiin haaraan ba’ee hojmaatni mijataan akka diriire Pireezidaantichi yaadachiisuun, kunis hirmaannaan dhaabbilee hawaasa siivikii dhimma biyyaalessaa keessatti dabaluu kan agarsissu dha jechuun ibsani. Filannoon dimokiraatawaa biyya ceesisuuf, dhaloota dhufuuf dabarsuuf, aadaa siyaasaa guddisuuf meeshaa murteessaa ta’uus eeraniiru. Lammiileen mirga dimokiraatawaa isaaniitti fayyadamanii mootummaa na fayyada jedhanii amanan karaa nagaa akka filataniif barnoota filannoo bal’aa kennuufis qophii ta’uu ibsaniiru. Paartileen siyaasaa morkattootaa yaada filannoo isaanii ummataaf akka beeksisan waltajjii haala mijeessuuf, akkasumas filattootni beekumsa irratti hundaa’uun paartii filatan akka filataniif akka hojjetan ibsaniiru. Kana jechuunis, amanamummaa adeemsa filannoo mirkaneessuuf dhaabbileen waldaalee siivikii akka taajjabdootaatti hirmaachuudhaan gahee isaanii akka ba’an eeraniiru.
Mootummaan filannoon nagaa qabeessa,hirmaachisaa fi haqa qabeessa akkasumas ulaagaa hundaan kan duraarra fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jira - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 3, 2026 153
Amajjii 26/2018(ENA) - Mootummaan filannoon nagaa,haqaqabeessa, hirmaachisaa fi akkasumas ulaagaa hundaan kan duraa caalaa fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jiraachuu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsani. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa bara hojii wagga 5ffaa walgahii idilee 10ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii Mootummaa Federaalaa bara bajataa 2018 ji'oota 6 irratti gaaffii Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaataniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee Filannoo ilaalchisuun ibsa kennaniin filannoon nagaa, haqa qabeessaa fi hirmaachisaa akkasumas ulaagaa hundaan kan duraa caalaa fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jira jedhaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan kan duraanii caalaa fooyya’aa akka ta’u bu’aasarraa ilaaluun akka danda’amu hubachiisaniiru. Manni Marichaa sagalee adda addaa qabaachuu akka qabu kan dubbatan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, filannoon kun haala Manni Marichaa sagalee adda ta’e itti dhaga’u ni uuma jedhanii amanu jedhani. Paarlaamaan sagalee paartii tokkoo qofa yoo ta’e, Itiyoophiyaaf akka hin fayyadne ibsuun, kun akka jijiiramuu fi sagaleewwan hedduun akka dhagahamaniif mootummaan ciminaan akka hojjetu dubbataniiru. Sagaleen addaa Mootummaarra darbee, Itiyoophiyaaf humna guddaa akka ta’u dubbataniiru.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaara Ammayyaa hidhateera–Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 3, 2026 142
Amajjii 26/2018(ENA)- Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaarota Ammayyaa maqaa fi seenaa adda addaa qaban 100 ol hidhachuusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii wagga 5ffaa walgahii idilee 10ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa Federaalaa bara bajataa 2018 ji'oota 6 irratti gaaffii miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa dhiyaateef deebii fi ibsa kennaniiru. Ijaarsa dhaabbataa Humna qilleensaa Itiyoophiyaa ilaalchisuun yeroo ibsan mootummaan gama hundaan dandeettii Itiyoophiyaan qabdu haalaan guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan. Jijiirama biyyaalensaan dura humni qilleensa Itiyoophiyaa Helikooftara tokko qofa akka ture yaadachuun kanneen biroon tajaajilaa ala ta’aniiru jedhan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad itti dabaluun, yeroo ammaa Xiyyaarota Ammayyaa maqaa fi seenaa adda addaa qaban 100 ol hidhachuusaa ibsaniiru. Maaliifidha dhaabbileen kan ijaaraman jechuun gaaffilee gaafatamaniif deebii fi ibsa yeroo kennan, Itiyoophiyaatti gufuu ta’uuf humni yoo dhufe Itiyoophiyaa cimsuu fi itti fufsiisuufidha jechuun deebisaniiru. Diinotarra qabeenya maddisiisuu fi humna ijaarrachuun yoo hin danda’amne dhiibbaa dippiloomaasii fi Miidiyaan uumuuf kaa tattaafatan ibsaniiru. Furmaannisaa gahumsa ofii guddisuun cimanii argamuudha kan jedhan ministirri Muummee doktar Abiyyi, humnoonni Itiyoophiyaa miidhuu barbaada faayinaansiin yoo deegaramanis qaamni Itiyoophiyaa dhaabu tokko akka hin jiraanne mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaatti fedhii fi hubannoon dantaa biyyoolessaa kabachiisuu irratti jiru fooyya'aa dhufeera-Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 3, 2026 96
Amajjii 26/2018 (ENA)-Garaagarummaan yaadaa jiru kan hin daangessine fedhii fi hubannoon dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf lammiileen qaban fooyya’aa dhufeera jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Yaa’iin idilee 10ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa ji’oota jahaa bara bajataa 2018 ilaalchisee gaaffii miseensonni mana marichaa kaasaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Dantaa biyyoolessaa ilaalchisee ibsa kennaniin, fedhiin dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu dabalaa dhufeera jedhani. Qaamonni bosona keessatti mootummaa irratti qabsaa’an tokko tokko qabsoon isaanii karaa gadhiisaa jiraachuu fi gidduu seentummaan diinota biyya diiganii (baandonni) akka jiru yeroo hubatan yaada isaanii jijjiiruun kan gara mootummaatti deebi’an akka jiran eeraniiru. Kana qofa osoo hin taane, yeroo dhimmi dantaa biyyoolessaa tuqu ka’u, bakka jiranitti odeeffannoo gahaa mootummaaf kennuun waliin kan hojjetan akka jiranis Ministirri Muummee ibsaniiru. Qaamoleen ilaalchaa adda addaa kan wal hin fakkaanne qabaataniyyuu dhimma dantaa biyyoolessaa fi kaayyoo Itiyoophiyaa dabarsanii hin kennine uumamaa jiraachuu eeraniiru. Gama hundaan qaamotni dhimma dandaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa irratti diinaaf dabarsanii mariif hin dhiyeessine akka jiran eeruun, kunis dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa ilaalchisee hubannoon jiru fooyya’aa akka jiruu fi jijjiiramni qabatamaan mul’ataa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummatootaa irraa kana’iif deebii fi ibsa kennaa jiru
Feb 3, 2026 108
Amajji 26/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummatootaa irraa kana’iif deebii fi ibsa kennaa jiru. Ministirri Muummee gaaffii miseensonni mana marichaa dhimmoota diinagdee irratti kaasaniif deebii kennaniin, kaayyoowwan ijoo haaromsa diinagdee Itiyoophiyaa keessaa tokko madaallii dhabuu diinagdee maakiroo tasgabbeessuu akka ta’e ibsaniiru. Inni lammataa kallattii diinagdee qonnaa bu’uura godhate irraa gara diinagdee damee hedduu fi qooda fudhatutti jijjiiruun guddina qulqullina olaanaa galmeessuu yoo ta’u, inni kaan immoo ba’aa liqaa Itiyoophiyaa hir’isuu dha. Gama kanaan Itiyoophiyaan sadarkaa hundaan milkaa’ina diinagdee dinqisiisaa galmeessitee jirti jedhan.
Biyyoota boba'aa osoo hin qabaatiin guddina ariifataa galmeessan keessaa Itiyoophiyaan tokko dha – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 3, 2026 111
Amajjii 26/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan biyyoota boba’aa osoo hin qabaatiin guddina ariifataa galmeessan keessaa tokko ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa irratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf deebii fi ibsa kennaa jiru. Raaga guddinaa ilaalchisee miseensoota mana marichaaf ibsa kennaniin Ministirri Muummee Itiyoophiyaan biyyoota boba’aa hin qabne guddina ariifataa galmeessan keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan raawwii guddina ji’oota jahan darbanii bara baajataa kanaa erga gamaaggamamee booda dhuma waggaatti guddina dhibbeentaa 10.2 galmaan ga’uuf karoora qabdu fooyyessitee jirti jedhan. Tilmaamni kun tilmaama dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa waliin walitti dhihoo ta’uu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Qortaan sirna Gadaa beekamaan piroofeesar Asmaroom Laggasaa addunyaa kanarraa du’aan boqotan
Feb 4, 2026 31
Amajjii 27/2018 (ENA)- Qortaan sirna Gadaa beekamaan piroofeesar Asmaroom Laggasaa addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru. Piroofeesar Asmaroom sirni Gadaa akka eegamu, akka kabajamuu fi sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argatu nama hojjetanidha. Keessumaa duudhaaleen demokiraatawaa ummata Oromoo barreeffamaan dhalootaaf akka darban gumaacha olaanaa taasisaniiru. Kitaabonnii fi hojiileen qorannoo hedduun sirna Gadaa ilaalchisuun kan barreessan Piroofeesar Asmaroom, demokiraatawummaa sirnichaa agarsiisuun kabajamuu mirga namoomaa fi kabaja ummattootaaf nama qabsaa’anidha. Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa du’a piroofeessar Asmaroom Laggasaatti gadda itti dhaga’ame ibsanii, maatiisaanii fi michootasaaniif jajjabina hawwaniiru.
Bulchiinsi Magaalichaa rakkoo manaa bu’uurarraa furuuf filannoowwan ijaarsa manaa adda addaa hojiirra oolchuusaa cimsee itti fufa
Feb 4, 2026 30
Amajjii 27/2018(ENA)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee rakkoo dhiheessii manaa bu’uurarraa furuuf filannoowwan adda addaa hojiirra oolchuu cimsee akka ittifufu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanach Abeebee Barsiisoni magaalittii jiran mana akka qabaatanii fi ijaarsa qe’ee mana jireenyaa guyyaa har’aa eegalchiisaniru. Kanaanis barsiisota kuma 6 fi 194 waldaalee 57n gurmaa’an fayyadamoo kan taasisu yoo ta’u, fayyadamtoonni gatii waliigalaa manichaa dhibentaa 25 dursanii kan qusatanidha. Kantiibaa Adaanach Abeebee Wayitasana akka jedhanitti yeroo ammaa Magaalaan Finfinnee jijiirama Ariifataa galmeessaa jireenyaaf mijattuu fi daawwattoota kan hawwattu ta’aa dhufteetti. Guddina kana hordofuun fedhii mana dhufu guutuuf Bulchiinsi Magaalichaa filannoowwan adda addaan ijaarsa manaa raawwachaa jira jedhaniiru. Waggoottan jijjiiramaa darban maneen hedduun ijaaramanii fayyadamtootaaf dabarsuun danda’ameera kan jedhan Kantiibaan kun,guyyaa har’aa barsiisota utubaa ijaarsa biyyaata’an xiyyeeffannoo addaa itti kennuun ijaarsa kana eegalleera jedhaniiru. Barsiisonni waldaan gurmaa’uunii fi qusannoo barbaachisu qusachuun fayyadamoo carrichaa ta’uusaanii ibsaniiru. Bulchiinsi magaalichaa lafa hektaara 40 liiziirra bilisa ta’e qopheessuu ibsuun, ijaarsichi yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf bu’uuraaleen misoomaa barbachisan akka guutaman ni taasifamu jedhaniiru. Barsiisonni biyya ijaaruunii fi dhaloota qaruurratti qooda bakka hin bu’amne guumaachaa jiraachuusaanii raajeffachuun, ijaarsi qe’ee jireenyaa yeroo xumuramu qaala’insa jireenyaa barsiisotaa hir’isuurra darbee, qulqullina barnootaa eegsisuurratti hirmaannaa qabaatan guddisa jedhaniiru.
Naannoo Oromiyatti rakkoo manneen jirenyaa waaraan furuuf hojiiwwan qindaa’oon hojjetama jira- Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa
Feb 1, 2026 218
Amajji 24 /2018(ENA)- Naannoo Oromiyatti rakkoo manneen jirenyaa waaraan furuuf hojiiwwan qindaa’oon hojjetama jiraachuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa beeksiseera. Itti aanaan hogganaa Biiroo Misoomaa Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa obbo Biraanuu Baqqalaa ENA Afaan Oromootti akka himanitti; naannichaatti manneen jireenyaa jiranii fi fedhiin jiru kan walsimu miti. Rakkoo kana waaraan furuuf mootummaan naannichaa sagantaalee adda addaa qopheesuun hojjecha jiraachuu eeraniiru. Haaluma kanaan mootummaan rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa magaaloota Oromiyaa keessa jiru waaraan furuuf hojii mootummaan hojjetu cinaatti, hirmaannaa damee dhuunfaan, waldaalee fi tola ooltotaan manneen jireenyaa ijaaraa jira jedhaniiru. Naannichaatti rakkoo mana jirenyaa jiru salphisuuf bara bajata 2018 manneen lakkoofsaan kuma 97 fi 560 ijaarameera jedhaniiru. Dabalataan naannichatti rakkoo kiraa manaa waliin walqabatee jiru furuuf hojiin hedduun hojjetamuus eeraniiru. Keessattu mirga kireessaa fi kireeffataa karaa madaalawwaa ta’een kabachiisuu fi damee kana seeraan hogganuuf labsii mootummaan dhiheenya akka biyyaatti baase bu’uureffachuun akka naannootti qajelfama qopheesuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru. Haaluma kanaan waliigaltee kireessaa fi kireeffataan yoo ta’e malee kireessan hanga wagga lamaatti kireeffataa mana kireeffate keessaa baasuus ta’ee gatii itti dabaluu akka hin dandeenye taasifamuu himaniiru. Gama biraan naannichatti manneen gandaa seeraan ala namoota hin malleefiin qabamanii jiran irratti hordoffii taasisuun harkaa akka fuudhamu taasifamuu himaniiru. Haaluma kanaan hanga ammaati manneen gandaa 1296 seeraan alaa qabamanii turaan yeroo ammaa lammiilee harka qalleeyyii fi galii gadii aanaa qabaniif kennamuu himaniiru.
Teekinooloojiitiin deeggaramuun tajaajila haqaa lammiilee si’aawaa taasisuun danda’ameera
Feb 1, 2026 130
Amajjii 24/2018 (ENA) - Teeknooloojiitti fayyadamuu fi qajeelfama hojmaataalee dhimmootaa hojiirra oolchuun tajaajila haqaa lammiilee sirreessuun danda’ameera jedhan Pireezidaantiin Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa aadde Leellisee Dassaaleny. Sirna haqaa fooyyessuu fi tajaajila hawaasaaf kennamu bu’a qabeessa taasisuuf hojiin riifoormii bal’aan hojjetamuu eeraniiru. Haaluma kanaan maloonni waldhabdee hiikuu aadaa akka sirna falmii hiikuu filannootti deeggarsa seeraa fi beekamtiin kennameefii jira. Itiyoophiyaatti qindoomina manneen murtii hojiirra oolchuun qulqullinni kenniinsa tajaajilaa fooyya’uus beeksisaniiru. Manneen Murtii Federaalaa fi Naannoo keessatti haaromsi hedduun akka taasifame eeruun, dhimmoonni waldhabdee sadarkaa olaanaa qaban qindoomina mana murtiitiin furmaata argachuu isaanii mirkaneessaniiru. Hojiin haaromsa mana murtiis gaaffii hawaasni haqa ariifachiisaa akka argatu fooyyessee jiraachuus akeekaniiru. Bulchiinsa falmii fi qulqullina murtii irratti komiin ka’aa akka ture hubachiiisuun, rakkoo kana dhaabbataadhaan hiikuuf qooda fudhattoonni komii fi odeeffannoo qulqullina qabu akka dhiyeessan taasifamaa jira jedhan. Murteewwan dhaddacha Ijibbaataa barreeffamaan qurmeessuun akka kaahaman taasisuun, ijaarsa dandeettii fi murtee walfakkaataa dabarsuuf tajaajila olaanaa kennaa jiraachuu dubbataniiru. Teeknooloojiitti fayyadamuun tajaajila gahumsaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsuun, hojiirra oolmaan qajeelfama yaa’a dhimmootaa hojii kanaaf dandeettii dabalataa uumaa akka jiru hubachiisaniiru.
Diinagdee
Baatii jahan darban godina Gujiirraa Bunni tooniin kuma 8 fi 200 ol gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera
Feb 4, 2026 44
Amajjii 27/2018 (ENA)- Baatii jahan darban naannoo Oromiyaa godina Gujiirraa Bunni tooniin kuma 8 fi 200 ol gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuusaa waajjirri daldalaa godinichaa ibse. Hoogganaan waajjirichaa Areeruu Waaree ENAf akka ibsanitti, bara bajataa kana godinicharraa buna toonii kuma 75 caalu gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira. Amma ammaatti aanaalee godinichaa 12 irraa bunni qulqullinaa fi sadarkaasaa eege tooniin kuma 8 fi 233 gabaa jiddu galeessaaf dhihaachuusaa ibsaniiru. Buna amma ammaatti dhihaate keessaa tooniin kuma 2 fi 71 kan dhiqame, tooniin kuma 6 fi 161 ol kan qishiramee fi buna goge ta’uu beeksisaniiru. Warshaalee buna gogee fi asheeta qiqindeessan 350 godinichatti argamaniin bunni qulqulluu qophaa’ee gabaaf dhihaachaa akka jiru ibsaniiru. Itti aanaan hogganaa waajjra qonnaa godinichaa Raggaasa Xorree gamasaaniin, godinichatti lafti hektaara 377 bunaan akka misoome beeksisaniiru. Godinichatti Jiddu galeessaan wagga waggaatti bunni kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 2 caalu walitti qabamaa akka jiru himanii, barana oomishni guddaan akka eegamu eeraniiru.
Itiyoophiyaa fi galaanni diimaa bara baraaf adda bahanii jiraachuu hin danda’an-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahiimad
Feb 3, 2026 95
Amajjii 26 /2018 (ENA)- Itiyoophiyaa fi galaanni diimaa bara baraaf adda bahanii jiraachuu hin danda’an, galaanni diimaa dhimma jiraachuuti jechuun ibsan Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahiimad. Manni maree bakka bu’oota ummataa FDRI 6ffaan bara hojii wagga 5ffaa walgahii idilee 10ffaan bakka ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa federaalaa bara bajataa 2018 kan baatii 6 ilaalchisee miseensota mana mareerraa dhihaataniif deebii fi ibsa kennaniiru. Gaanfi Afriikaa akka hin tarsaane kan walitti hodhame, ciminaan kan walitti hidhamedha jechuun haala gi’oo siyaasaa riijinichaa ibsaniiru. Hawaasni riijinichaa aaddaa, seenaa fi afaaniin kan walitti hidhame ta’uu eeranii, haa ta’u malee riijinichi wal morkii fi jiddu galummaadhaan kan marfamedha jedhaniiru. Ulaan galaanaa Itiyoophiyaaf hin malu jedhee namni yaadu seera uumamaa irraa maquusaa dubbataniiru. Galaanni diimaa fi Itiyoophiyaan bara baraaf gargar bahanii jiraachuu akka hin dandeenyes dubbataniiru. Itiyoophiyaan dhimmi galaana diimaa karaa nagaa, walii galtee fi seera gabaatiin mariidhaan haa furru kan jedhu amantaa cimaa akka qabdu himaniiru. Galaana diimaa dhorkuuf yoo yaalame adeemsichi sirrii miti kan jedhan ministirri muummee kennaa uumamaarraa Itiyoophiyaa hambisuun akka hin danda’amne dubbataniiru. Itiyoophiyaan dhimmi kun karaa nagaa mariidhaan furamuu qaba ejjennoo jedhu akka qabdu dubbataniiru. Dhimmi Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf itti deemaa jirtu yoomiyyuu kan hindhaabannee fi kan hin jijjiiramne ta’uu hubachiisaniiru. Qabeenya qabnu waloomaan fayyadamuudhaan waloomaan haa misoomnu jechuunis ergaa dabarsaniiru.
Qaala’iinsi jireenyaa Itiyoophiyaa yeroo jalqabaatiif gara dijiitii tokkootti gadi bu’eera-Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 3, 2026 82
Amajji 26/2018 (ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad qaala’iinsi jireenyaa Itiyoophiyaa yeroo jalqabaaf gara dijiitii tokkootti gadi bu’uu danda’uu beeksisaniiru. Yaa’iin idilee 10ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa ji’oota jahaa bara bajataa 2018 ilaalchisee gaaffii miseensonni mana marichaa kaasaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyy Ahimad qaala'iinsa jireenyaa ilaalchisee deebii fi ibsa kennaniin, mootummaan qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhateera jedhan. Itiyoophiyaan gargaarsa(diggomaa), deeggarsa galii dabalinsaa, cancala bittaafi gurgutaan, ibsaa, bishaanii fi boba’aa dabalatee baasii meeshaalee fi tajaajiloota waliigalaa yeroo jalqabaatiif qabxii 9.7 ykn gara dijiitii tokkootti hir’isuu akka dandeesse ibsaniiru. Kuni bu’aa akka biyyaatti galmaa’e isa guddaa ta’uu eeruun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, gara fuulduraatti milkaa'ina fooyya'aa kanaan oliitiif ciminaan hojjechuun akka barbaachisu dhaamani. Keessumaa imala wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu cimuu akka qabu ibsuun,inisheetiviin damee qonnaa murteessaa ta’uu himaniiru. Pirojektoota misooma mana jireenyaa xumuruu fi tajaajila geejjibaa filannoowwan anniisaa adda addaatiin dhiyeessuuf hojiin bal’aan hojjetamaa akka jirus ibsaniiru. Hojiileen manneen barnootaa fi giddugalawwan soorataa keessatti hojjetamaa jiran cimee itti fufuu akka qabus mirkaneessaniiru. Walumaa galatti, hojiilee dandeettii galii itti fufiinsaan fooyyessan hojjechuu irratti xiyyeeffachuun rakkoolee qaala'iinsa jireenyaa mudatan furuun ni danda'ama jedhan.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ji'oota jahan darbanitti namoota miiliyoona 10.7 geejjibsiiseera - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 3, 2026 73
Amajjii 26/2018 (ENA) - Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ji’oota jahan darbanitti namoota miiliyoona 10.7 geejjibsiiseera jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa jalqaba bara jijjiiramaa sana waggaatti maamiltoota gara miiliyoona 8 geejjibsiisaa kan ture ta’uu eeruun, amma garuu ji'oota jahan darban qofa keessatti namoota miliyoona 10.7 geejjibsiiseera jedhan Ministirri Muummee. Akkasumas jalqaba jijjiiramaatti lakkoofsi fayyadamtoota moobaayilaa miiliyoona 37 kan ture yoo ta’u; lakkoofsi kun yeroo ammaa miiliyoona 97 gaheera jedhan. Gama biraan lakkoofsi magaalota interneetii dhaloota 5ffaa (5G) fayyadaman yeroo dhiyootti 30 akka gahu himaniiru. Dabalataanis lakkoofsi fayyadamtoota maallaqa moobaayilaa miiliyoona 58 gahuu eeruun, kunis bu’aa xiyyeeffannoo imaammataa ta’uu ibsani.
Saayinsii fi teeknooloojii
Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’eera
Feb 4, 2026 26
Amajjii 27/2018(ENA)- Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa walgahii idilee 10ffaarratti argamanii gabaasa raawwii batii 6 irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Dameen dijiitalaa keeessumaa fayyadamtoonni tajaajila Mobaayilaa guddachaa dhufuusaa kaasaniiru. Yeroo jijiiramni dhufu lakkoofsi fayyadamtota mobaayilaa miiliyoona 37 akka ture kaasuun, yeroo ammaa Itiyoo- Telekoomiin, miiliyoona 87, saafaarii koomiin miiliyoona 10 ol walii gala fayyadamtoonni mobaayilaa miiliyoona 97 jiraachuusaanii eeraniiru. Kunis jijiiramaa asitti miiliyoona 60n dabaluusaa agarsiisa kan jedhan ministirri muummee, ta’us kun ga’aa akka hin taanee fi tokkoon tokkoo Itiyophiyaanotaa fayyadamtota mobaayilaa akka ta’an hojjetamuu akka qabu ibsaniiru. Dhaqqabamummaan Tajaajila neetworkii 4G fi 5G babal’achaa jiraachuu kaasuun, magaalonni kuma 1 fi 70 fayyadamtoota 4G akkasumas magaalonni 28 fayyadamtoota 5G ta’uusaanii dubbataniiru. Kunis lammiileen tajaajilaa fi daldala si’ataa akka argatan dandeessisaa jira jedhaniiru. Damee faayinaansiin waggoottan sadanii asitti lakkoofsi daddabarsa maallaqaa mobaayilaa miiliyona 58 ga’uu eeraniiru. Sirni gurgurtaa dijiitaalaas maallaqa callaan gochuurra saffisaaan gaggeeffamuu eeranii, kunis bu’aa Imaammata imala tarkaanfii Itiyoophiyaa ta’uusaa kaasaniiru. Tajaajila kaffaltii dijiitalaanis baatiiwwan ja’an darban bu’aawwan galmaa’an kan waggaa darbee yeroo Kanaan yoo madaalamu dhibbantaa 60 dabaluu eeraniiru. Qusannaa maallaqaa dijiitaalaa fi tajaajilli qusannoo guddachuusaa hubachiisaniiru.
Saawwan Booranaa sanyii fooyya’aa waliin diqaalomsuun bu’aan omisha Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argameera
Feb 4, 2026 28
Amajjii 27/2018(ENA)-Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatti saawwan Booranaa sanyii fooya’aa waliin diqaalomsuun bu’aa Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argamuu ibse. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Tashoomaa Boggaalaa ENA’f akka ibsanitti, horiin Booranaa Foonsaanii fooyya’aa ta’us omishni aannanii irraa argamu xiqqaadha. Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluuttti saawwan Booranaa Korma sanyii biyya Alaa waliin diqaalomsuun gorommiin omisha Aannanii fooyya’aa kennan dhalachuusaanii ibsaniiru. Hojii qorannoo gaggeeffameen horii Booranaa diqaalomsuun hin barbaachisu sanyiinsaanii foyya’oodha yaadamni jedhu jijiiramuu danda’eera jedhaniiru. Fakkeenyaaf saawwan Booranaa waliin diqaalomsuun jabbiileen dhalatan guddinnisaanii saffisaa fi omisha aannanii fooyya’aa kan kennan ta’uusaanii eeraniiru. Jabbiileen sun bakkeewwan biyyattii kamittuu kan madaqan yoo ta’u waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti deebi’anii dhaluu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Saawwan Booranaa omisha Aannanii guyyaatti kennan liitira lama kan hin caalle ta’uu eeruun gorommiiwwan diqaalomsuun dhalatan guyyaatti Aannan hanga liitira 10n akka elmaman beeksisaniiru. Gorommiiwwan Booranaa dhalataa jalqabaa sanyiinsaanii fooyya’e 120 baatii 6 keessatti akka gahan taassifamuu hubachiisaniiru. Qorannoo marsaa lammataan sanyiiwwan fooya’an immoo guyyaatti Aannan liitira 15 hanga 20 akka elmaman ibsaniiru. Kanaanis Omishaa fi omishtummaa Aannanii dabaluurra darbee fayyadamummaa Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa guddisuun danda’ameeera jedhaniiru
Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf tajaajila socho’aa kennuu eegala - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 3, 2026 87
Amajjii26/2018(ENA)- Masoob Tajaajilli wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf tajaajila socho’aa kennuu akka eegalu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii waggaa 5ffaa walgahii idilee 10ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa Federaalaa bara bajataa 2018 ji'oota 6 irratti gaaffii Miseensota Mana Maree bakka bu’oota ummataarraa dhiyaataniif deebii fi ibsa kennaniiru. Masoob Tajaajilli wiirtuu tokkoo waliin wal qabatee ibsa kennaniin, Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuun yeroo ammaa gidduugalawwan 33n ga’uun akka danda’ame ibsaniiru. Gara fuuladuraattis Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun lammiileen tajaajila mootummaa qulqullina fooya’een akka argataniif xiyyeeffannnoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo yeroon itti eegale gabaabaa ta’us damichaan bu’aan abdachiisaan galmaa’uun akka danda’ame hubachiisaniiru. Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf tajaajila socho’aa kennuu eegaluuf haaldureen qophii dandeessisan taassifamaa jirachuu beeksisaniiru. Baasiitiin sosocho’uun bakkeewan adda addaatti sosocho’uun tajaajila “online” kennuuf qophiin dandeessisu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo qulqullinaa fi sadarkaa tajaajila mootummaan lammiileef kennu fooyyessuun deddeebbii hanbisaa jiraachuu eeraniiru.
Eenyummeessaan Faayidaa fayyadamummaa hawaasummaa fi Dinagdee dubartootaa guddisuuf murteessaadha
Feb 2, 2026 101
Amajjii 25/2018(ENA)-Eenyummeessaan biyyaalessaa Faayidaa fayyadamummaa hawaasummaa fi Dinagdee dubartootaa guddisuuf qooda qabaachuu hoggantoonni Dubartootaa Naannoo Affaarii fi Benishaangul Gumuz dubbatan. Dubartoonni naannolee kanneenii eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa akka qabaataniif Xiyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiraachu dubbataniiru. Itti Aantuun Hoggantuu Biiroo dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa naannoo Affaar Aadde Nasiroo Uudaa akka ibsaniitti, yerichi yeroo dijiitalaa waan ta’eef galmeen eenyummeessaa Dijiitaalaa Biiyyaalessaa gaggeeffamaa jiru haala dubartoota hirmaachiseen hojjetamaa jira jedhaniiru. Keessumaa Naannichatti bakkeewwan baadiyaatti dubartoota haala Kanaan fayyadamoo taassisuuf hojjetamaa jirachuu ibsaniiru. Sadarkaa naannootti dubartoota Miiliyoona tokko fayyadamoo eenyummeessaa dijiitalaa taassisuuf qindoominaan hojjetamaa jirachuu ibsuun , eenyummeessaan Dijiitaala Faayidaa Fayyadamummaa hawaasunmmaa fi Dinagdee dubartootaa guddisuuf kan gargaaru ta’uu hubachiisaniiru. Naannoo Benishaangul Gumuz Bulchiinsa Magaalaa Asoosaatti Hoggantuun Qajeelcha Maallaqaa Magaalaa Asoosaa Aadde Faaxumaa Mahaammad gamasaaniin, eenyumeessaan Dijiitaalaa Faayidaa tajaajilli akka si’atu gochuun hirmaanaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisa jedhaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Asoosaatti Bulchituun aanaa 01 Aadde Amuunaa Abdulwaahid akka jedhanitti, eenyummeessaan dubartootaaf Faayidaa qabu hubachiisuun hojin hubannaa uumuu hojjetamaa jira jedhaniiru. Hojii sosochii hanga ammaatti hojjetameen dubartoota hedduu fayyadamoo eenyummeessaa dijiitaalaa gochuun danda’amuu ibsun baatiiwwan itti aanaanaittis galmicha milkeessuuf ni hojjetama jedhaniiru. Gurmaa’insa dubartootaa adda addaa fayyadamuun eenyummeessaa Dijiitaalaa faayidaa akka qabaatan hojiin eegalamee cimee itti fufa jedhaniiru.
Ispoortii
Magaalaan Shaggarii fi Midire gannat shireen qabxii qooddatan
Feb 4, 2026 27
Amajjii 27/2018(ENA)- Pireemar liigii Itiyoophiyaa sagantaa torban 19ffaan tapha jalqabaan Magaalaa Shaggarii fi Midire gannat shireen galchii malee qixaan adda bahaniiru. Taphichi Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameera. Bu’aa kana hordofuuun Magaalaan Shaggar qabxii 21n sadarkaasa 13ffaarraa gara 12ffaatti ol guddifateera. Guddaattuu haaraan Magaalaan Shaggar inijifannoo ittifufaa galmessuu hin dandeenye. Midire Gannet Shireen qabxii 23n sadarkaa 11ffaarraa gara 10ffaatti ol siiqeera . Garichi taphoota sadan darban hin mo’anne.
Maraatoonii Dubaay Atileetonni Itiyoophiyaa Olaantummaa kan irratti gonfatan
Feb 1, 2026 186
Amajjii 24/2018(ENA)- Maraatoonii Dubaay 25ffaa ganama har’aa gaggeeffameen atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu injifataniiru. Dorgommii dhiirotaan Nibirat Malaak sa’aatii 2, daqiiqaa 4 fi sekondii 00’n tokkoffaa ba’eera. Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Yaasiin Hajii 2ffaa, lammiin Ruwaandaa Joon Hakizimaanaa immoo 3ffaa qabataniiru. Dorgommii dubartootaatiin Anchiin’aaluu Daseen sa’aatii 2, daqiiqaa 18 fi sekondii 31’n injifatteetti. Muliyyee Dhaqqaboo fi Fantuu Warquun 2ffaa fi 3ffaa bahaniiru. Dorgommicha Atileetonni Itiyoophiyaa sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaatti xumurani. Atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaan injifatan badhaasa walfakkaatu Doolaara Ameerikaa kuma 80 badhaafamaniiru. Qindeessitootni dorgommichaa walumaa galatti maallaqa badhaasaaaf oole Doolaara Ameerikaa kuma 336 ol atileetotaaf badhasa kennuu ibsaniiru. Maraatooniin Dubaay akka lakkoofsa warra Faranjootaa 1998tti kan eegalame yoo ta’u, dorgommii daandii irraa atileetiksii addunyaa warqeen badhaafameedha.
Madin Itiyoophiyaan Machaal waliin taphata
Jan 26, 2026 229
Amajji 18/2018(ENA) - Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa torbee 17ffaa oolmaa lammaffaa irratti taphoonni sadii ni taphatamu. Kilabni Madin Itiyoophiyaa Machaal waliin har’a guyyaa keessaa sa’aatii 10tti istaadiyeemi Finfinneetti taphata. Shaampiyoonaan liigii yerichaa Madin Itiyoophiyaan taphoota 16 taphachuun 4 mo'atee, 6 moo'ameera. Taphoota biroo 6 immoo wal qixa bahuun,taphoota 16 keessaa 12 galchuun,galchiin 14 itti lakkaa’ameera. Madin qabxii 18’n sadarkaa 114 qabateera. Morkataan isaa Machaal taphoota 16 hanga ammaatti taphateen taphoota 7’n mo’atee, taphoota 4’n immoo mo’ameera. Yeroo shan immoo qixa baheera. Galchii 22 lakkoofsisuun, galchiin 13 itti lakkaa’ameera. Machaal qabxii 26’n sadarkaa 5ffaa qabateera. Madin Itiyoophiyaan taphoota lama booda gara injifannootti deebi'uuf taphaphata. Machaal yoo injifate injifannoo isaa walitti aansuun yeroo sadaffaaf galmeeffata. Tapha biraatiin immoo Qiddus Goorgisiin Midire Gannat Shiree waliin guyyaa keessaa sa'aatii 7:00tti istaadiyeemii Finfinneetti ni taphata. Qiddus Goorgis bara kana hanga ammaatti taphoota 16 taphate keessaa 6 yoo injifatu, haaluma walfakkaatuun taphoota 6 immoo mo’atameera. Yeroo 4 immoo walqixa bahuun, galchii 15 galchuun, gooliiwwan 12 keessummeesseera. Shaampiyoonaa liigii yeroo 16 kan ta'e Qiddus Goorgis qabxii 22’n sadarkaa 8ffaa irra jira. Morkataan isaa Midire Gannat Shireen taphoota 16 taphatee shan injifateera. Yeroo jaha mo'amee shan qixa ba'eera. Taphoota 16 irratti goolii 16 galchuun, gooliin 13 immoo itti lakkaahameera. Midire Gannat Shireen qabxii 20’n sadarkaa 10 irra jira. Guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Itiyoo Elektirikiin Walaayittaa Diichaa waliin istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti taphatu. Itiyoo Elektirikiin qabxii 25’n sadarkaa 7ffaa yoo qabatu, Walaayittaa Diichaan immoo qabxii 14’n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gadi bu’insaa keessa jira. Torbee 16ffaa irratti Maqalee sabaa’andartaa mo'amuun kan isa mudate Etiyoo Elektirikiin gara injifannootti deebi'uuf kan taphatu dha. Taphoota liigii 6 darban walitti aansuun injifannoo malee kan ture Walaayittaa Diichaan qabxii sadii yoo argate naannoo gadi bu'iinsaa keessaa bahuu danda’a.
Walmorkiin seenaa qabeessii Arsenaalii fi Maanchistar Yuunayitid Hawwiin eegamu har’a galgala gaggeeffama
Jan 25, 2026 270
Amajjii17/2018(ENA)- Taphni Piriimar Liigii Ingiliz sagantaa torban 23ffaan Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid har’a gaggeessan Hawwiin eegama. Taphni Kilaboota lamaanii galgala sa’atii 1:30 Istaadiyeemii Emireetisitti ni gaggeeffama. Arsenaal tapha liigichatti gaggeesseen yeroo15n yoo injifatu,yeroo2 mo’ameera. Yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan Arsenaal galchiiwwan40 yoo lakkoofsisu galchiiwwan14 keessummeesseera. Lenjisaan Lammii Ispeen waggaa 43 kan ta’e Maayikil Arteettaan kan durfamu Arsenaal qabxii 50n sadarkaa 1ffaarratti argama. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited bara dorgommichaatti taphoota gaggeessee 22n yeroo 9 yoo injifatu yeroo 5n mo’ameera. Taphoota hafan biroo 8n qabxii qooddateera. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited galchii 38 yoo lakkoofsisu galchii 32 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ingiliz Waggaa 44n kan ta’e Maayikil Kaarikiin kan leenji’u Maanchistar Yuunaayitid qabxii 35n sadarkaa 5ffaarra jira. Kilaboonni lamaan morkiiwwan hundaan kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 246ffaa dha. Turtii ammaan dura yeroo 245n walitti dhufanitti Maanchistar Yuunaayitid yeroo 99 injifateera. Arsenaal Yeroo 91 yoo injifatu yeroo 55n qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 66 taphateera. Maanchistar Yuunaayitid yeroo 25n yoo injifatu Arsenaal yeroo 23 injifateera. Yeroo 18 qixaan adda baheera. Taphoota liigichaa shanan darbanitti Arsenaal yeroo 4 yoo injifatu yeroo tokko qabxii qooddateera. Yuunaayitid Liigichatte yeroo dhumaaf Arsenaaliin kan mo’ate A.L.A. Fulbaana 4 bara 2022 yoo ta’u , wayita sana 3 fi 1n injifateera. Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid seenaa Piriimar Liigii Ingilizitti gariiwwan morkattootaa kan jedhamanidha. Kilaboonni kunnen yeroo jalqabaaf kan walitti dhufan A.L.A bara 1894 ture. Taphichaan gareewwan kunneen sadii sadiin walqixaan adda bahaniiru. Gareewwan kun tapha jalqabaarraa eegalanii walmorkii waggaa 131 waltajjii Awurooppaa fi Ingiliz irratti gaggeessaniiru. Arsenaal Waancaa Liigichaa yeroo 13 yoo fudhatu, Maanchistar Yuunayitid yeroo 20 injifachuun olaantummaa qabateera. Taphichaan Arsenaal taphoota lamaan booda gara injifannootti deebi’uuf, Yuunayitid Injifannoo darbii Maancisterbooda injifannoo ittifufaa galmeessisuuf walmorkii taassifamudha. Tapha kilaboota lamaanii Hawwiin eegamu Kireeg Paawusan Abbaaseerummaan gaggeessu. Sagantaa birootiin Kiristaal paalaas Chelsii waliin , Niwuukastil Yuunaayitidii fi Astonviilaa fi Bireentifoordi, Nootingam Foorest guyyaa sa’aatii wal fakkaataa 11:00tti taphasaanii gaggeessu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Feb 2, 2026 87
Amajji 25/2018(ENA) – Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Bulchiinsa Magaalaa Maayaa jalatti kan argamu bakkeewwan hawata turizimii ta’an keessaa tokko Haroo Haramaayaati. Harri Haramaayaa waggoota hedduuf gogee kan ture yoo ta’u,hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa fi Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin bishaan kuufachuun akka duriisaatti deebi’eera. Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni naannichaa hara sana kunuunsuunii fi misoomsuun lakkoofsi dawwattootaa dabalaa dhufuu isaa hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru. Yeroo ammaa Harichi bakka bashannanaa ta’uu irra darbee,dargaggootaaf carraa hojii uumaa kan jiru yoo ta’u, diinagdee damee kana irraa argamu guddisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Naannichi qabeenya uumamaa hedduu kan qabu ta’uu fi lafa madda aartistootaa ta’uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Maayaa doktar Ifraahi Waziir gama isaaniin, kunuunsa bishaanii fi biyyee akkasumas Ashaaraa Magariisaan kan deebi’e Harri kuni, kunuunsi qabeenya uumamaa cimee hojjetamaa jira jedhan. Kana malees madda galii ta’aa jira jedhan. Harri Haramaayaa kunuunsa isaaf taasifameen miidhagee carraa hojii dargaggootaas ta’ee jiraachuu isaa argeera kan jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti ogeessa turizimii Oliiyaad Bariisoo dha. Naannichatti abbootii qabeenyaa affeeruun loojiiwwanii fi riizoortiiwwan babal’isuun hojiilee fooyya’aa hojjechuun akka danda’amus ibsan obbo Oliyaad. Haroo Haramaayaa irratti tajaajila bidiruu kan kennu dargaggeessi Muktii Ahimad daawwattoota bidiruutiin daawwachiisuun dabalatatti hojii misooma qurxummii irratti hirmaachaa jiraachuus himeera.
Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiru
Feb 2, 2026 73
Amajjii 25/2018 (ENA)- Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu abbaan taayitaa eegumsa naannoo beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa lafa bishaan qabnii kan baranaa mata duree “lafa bishaan qabuu fi beekumsa mandhalee, hambaa aadaa keenyaa haa kabajnu” jedhuun kabajaa jira. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Fireenash Makuraa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan lafa bishaan qabuu fi lubbu qabeeyyii gragaraan kan badhaatedha. Qabeenyi uumamaa kunneen kunuunfamanii dhalootatti akka darban beekumsa mandhalee fi toftaawwan kunuunsa karaa aadaa qooda olaanaa bahachaa akka turan turuusaanii ibsaniiru. Hawaasni seerota aadaa fi duudhaalee dur qabuun lafa bishaan qabuu fi bishaan kunuunsaa turuusaa eeraniiru. Lafti bishaaan qabatu faayidaa olaanaa taasisaa akka jiran eeranii, bishaan faalame karaa uumamaan calaluu, balaa lolaa ittisuu fi jiidha lafaa eeguu akkasumas jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi hoo’a naannawaa hir’isuu wabeeffataniiru. Miidhaa qabeenya uumamaa kanneen irra qaqqabu furuuf beekumsi saayinsaawaa ammayyaa beekumsa mandhalee waliin qindeessuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirojektoonni ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lagaa yeroo ammaa hojjetamaa jiran nageenya lafa bishaan qabataniif gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Abbaan taayitichaa naannolee fi qaamolee qooda fudhattootaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru eeranii, kunuunsi taasifamu mootummaa qofaan osoo hin taane itti gaafatama hawaasaa, dhaabbilee qorannoo fi dame dhuunfaa ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti
Jan 22, 2026 219
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii bara baajata bara 2018 gamaaggama raawwii karoora ji'a 6 magaalaa Naqamteetti gaggeessaa jira. Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan wayita sana akka jedhanitti, baroota darbe qabeenya bishaanii haala gaariin misoomsuun itti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa gaarii argamsiisaniiru. Itiyoophiyaan kan hordoftu itti fayyadamaa fi bulchiinsi qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een hojii misoomaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma bishaan sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa qabatamaa hojjetteetti jedhan. Gama biraatiin ministeerichi misooma bishaan kuufamaa fi fooyya’iinsa jireenyaa naannoo gammoojjiitti hojiiwwan abdachiisaa ta’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Qabeenya bishaaniin dabalatatti qabeenya anniisaa sirnaan adda baasuu fi hojiirra oolchuun itti fayyadamuu akka barbaachisu himaniiru. Waltajjii kana irratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, akkasumas Bulchiinsa magaalota lamaanii hirmaataniiru.
Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira
Jan 22, 2026 192
Amajjii 14/2018(ENA) – Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Godinichaa ibse. Waajjira Qonnaa Godina Wallaggaa Lixaatti Dursaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, Godinicha keessatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira. Hojiilee bara darbe kunuunsa biyyee fi bishaaniif taasifame irraa qonnan bultoonni faayidaa qabatamaan waan arganiif, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiru jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniif bara darbe taasifameen lafti dhiqamee ture deebi’ee misoomeera jedhan. Bara darbe hojii misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetaniin faayidaa argachuu eeruun, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiraachuu kan himan immoo qonnaan bulaa obbo Hambisaa Guddinaati. Lafti isaanii kanaan dura dhiqama biyyeef saaxilamee oomishaa fi oomishtummaan kan gadi bu’e ta’uu eeruun, amma garuu lafti isaanii damdamachuu himaniiru. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniin daagaa fi hojiiwwan eegumsa naannoo kan biroo hojjetaniin naannoo isaaniitti jijjiiramni qabatamaan argameera kan jedhan immoo qonnaan bulaa gara biroo obbo Kennasaa Ammumaa dha. Kanaafuu kunuunsa biyyee fi bishaanii misooma daagaa irratti qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1922
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10170
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.