Angafoota Oduu
Komishinichi bakka bu’oota sadarkaa aanaatti kutaalee hawaasaa addaddaa bakka bu’anii mariirratti hirmaatan adda baasaa jira
Apr 16, 2024 101
Ebla 08/2016(TOI)- Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa kilaastara Shaashamanneetti bakka bu’oota sadarkaa aanaatti kutaalee hawaasaa addaddaa bakka bu’anii mariirratti hirmaatan adda baasaa jira. Komishinichatti qindeessaan garee adda baasaa hirmaataa naannoo Oromiyaa obbo Buzunee Asfaa TOI’f akka ibsanitti, akkaataa karoora komishinichaatiin naannichatti bakka bu’oonni mariirratti hirmaatan adda baafamaa jiru. Naannoo Oromiyaatti bakka bu’oota kutaalee hawaasaa adda baasuun kilaastara afuritti qooduun hojjetamaa kan ture ta’uu ibsanii, kilaastarri Shaashamannee kan har’aa kun marsaa xumuraa ta’uu ibsaniiru. Waltajjii hirmaattota mariirratti hirmaatan adda baasuu kanarratti bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa aanaalee godina Gujii 11 irraa walitti dhufan kuma 1 ol hirmaachaa akka jiran eeraniiru. Yeroo ammaa maalummaa fi barbaachisummaa marii biyyaalessaa akkasumas adeemsa filannoo ilaalchisuun ibsi hubannoo kennu hirmaattotaaf taasifamaa jira. Kaayyoon waltajjichaa namoota marii biyyaalessaarratti hirmaatan “adda baasuu” hammataa fi hirmaachisaa akkasumas adeemsasaarratti hundi kan irratti waliigalee fi amanamaa akka ta’u dandeessisuuf ta’uu himaniiru. Waltajjiin har’a magaalaa Shaashamanneetti jalqabame amma Ebla 11 bara 2016tti akka turu dubbataniiru. Akka obbo Buzunaan jedhanitti, godinaaleen kilaastara Shaashamannee keessatti argaman Baalee, Baalee Bahaa, Boorana, Boorana Bahaa Gujii fi Gujii Bahaadha.
Magaalaa Adaamaatti kanneen hojii Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan gabaafillee dhiheessa jiru
Apr 16, 2024 16
Ebla 8/2016(TOI) - Magaalaa Adaamaatti kanneen hojii sagantaa Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan ofiin hanga barbaadan guuttatanii gabaafillee dhiheessa jiraachuu Waajjirri Qonnaa magaalichaa beeksise. Magaalichatti guyyaatti Buuphaan sagantaa kanaan oomishame kumni 350 ol gabaaf dhihaachaa jirachuu waajjirichi beeksiseera. Waajjirichatti dursaan garee misooma beelladaa obbo Abtaamuu Lammaa TOI'tti akka himanitti; magaalichaatti sagntaa Maaddii guutuu fi qonna magaalaa babal'isuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jira. Hanga ammatti godina shawaa bahaa aanaa Adaamaarra gara magaalaa Adaamaatti gandoonni dabalaman 28 keessatti hojiin horiisa lukkuu, oomisha aannanii fi misoomaa beelladoota fooniif oolanii akkasuma horsiisa kanniisaa fi misooma fuduraa fi muduraa hojjetama jira jedhaniiru. Keessattu kutaawwan magaalaa Adaamaa 6 fi aanaalee adda addaatti sagantaa Maaddii Guutuu karaa milkaa'a ta'een hojiirra oolfama jirachuu himaniiru. Jiddugalli horsiisa lukkuu, misooma beelladaa fi oomisha aannanii, akkasuma hojii horsiisa kanniisaaf kan oolana kumani 1 fi 285 dureeyyoota, hawaasaa fi bulchiinsa magaalichaan ijaaramanii tajaajilaaf gahuu isaanii obbo Habtaamuun himaniiru. Ijaarsa jiddugalaawwan kunneen dhiheesii maallaqaa callaa, lafa fi humnaan kaappitaallii birrii biliyoona 5.5 ta'u baasii itti ta'uu himaniiru. Sagantaa Maaddii Guutuu kana irratti kanneen hirmaachaa jiran manatti hanga Buuphaa isaan barbaachisuu guuttachuun cinaatti guyyaatti waliigalaan gara buuphaa kuma 350 olii gabaaf dhiheessa jirachuu himaniiru. Haaluma kanaan gabaa irratti kanaan dura gatii buuphaa birrii 12 ture yeroo ammaa gara birrii 8 gad bu'uu himaniiru. Haaluma wal fakkatuun gatiin aannanii kanaan duara liitirri tokko birrii 80 ture yeroo ammaa gara birrii 60'tti gad bu'uu eeraniiru. Sagantaa maaddii guutuu kana caalaatti milkaa'aa taasisuuf jiddugalawwan ijaaraman guutummaatti hojiitti galchuun xiyyeeffannan hojjetama jedhaniiru. Magaalichatti kanneen hojii sagantaa Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan ofiin hanga barbaan guuttatanii gabaafillee dhiheessa jiraachuu himaniiru.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 4210
ENA
Siyaasa

Jeneraal Ababaawu Taaddasaa haala nageenyaa yeroo ammaa ilaalchisuun komaand poostii jiddugaleessa Shawaa waliin mari’atan
Apr 15, 2024 107
Ebla 07/2016(TOI)- Ittaanaan etaamaajoor shuumii waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa haala nageenyaa naannoo Amaaraa sablammii Oromoo fi godina Shawaa kaabaa yeroo ammaa akkasumas kallattii fuulduraarratti komaand poostii jiddugaleessa Shawaa waliin mari’ataniiru. Ittaanaa etaamaajoor shuumii kun komaandi poostiin jiddugaleessa Shawaa shororkeessaa Shanee fi humna finxaalessaa Faannoo ofiin jedhu dugugguruusaa cabsuun godina lamaanittuu nageenyi dhufaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Jeneraal Ababaawu Taaddasaa hoogantoota olaanoo komaandi poostii jiddugaleessa Shawaa fi qaamolee bulchiinsaa godinoota lamaanirraa walitti dhufan waliin magaalaa Kamiseetti marii taasisaniin humni finxaalessaa Finfinnee jeequuf naafmijata jedhee humna qaba jedhu godina Shawaa kaabaa keessatti galchee akka ture yaadachiisaniiru. Tarkaanfii hatattamaa komaandi poostiin jiddugaleessa Shawaa finxaaleyyoota godinoota lamaanii afaan lachuu dubbatan rukutuun abdii biyya jeequuf qaban maseensuun bu’aa qalmeessisuu ibsaniiru. Hooggantoota humna finxaalessaa addaan citanii laga keessa dhokatanii jiran duguuguun cimee itti fufuu akka qabaatu hubachiisaniiru. Walitti qabaa Komaandi poostii jiddugaleessa Shawaa fi ajajaan komaandoo fi loltuu qilleensarraa letenaal jeneraal Shuumaa Abdataa finxaaleyyoota humnoota lamaanii naannoo Amaaraa sablammii Oromoo fi godina Shawaa kaabaa nageenya biyyaa laaffisuun wabii nagaan jiraachuu ummataa dhabsiisuuf karaa sirrii ta’een rukuchuun ergama badii isaaniikolaasuun akka danda’ame ibsaniiru. Komaandi poostichi hojii oppireeshiniin cinaatti humna nageenyaa naannichaa cimsuu fi gurmeessuu hojjechuusaa yaadachiisanii, yeroo ammaa naannoo lamaanittuu humni gufuu nageenyaa ta’u akka hinjirre mirkaneessaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa humna ummataa ofii aarsaa ta’ee lammiilee jiraachisu ta’uu yaadachiisuun nageenya godinasaaniitti argameef aarsaa raayyaan kaffalee fi bu’aa olaanaa argameef kabaja akka qaban hirmaattonni ibsaniiru. Ummanni keenya shira finxaalessootaa sirriitti waan hubateef nutis taanu ummanni keenya raayyaa keenya cinaa waan taaneef harcaatee humna kanaa balleessuuf ammanatti rakkisa akka hintaane amantaa qaban ibsaniiru. Xumurarrattis naannoo Amaaraatti godinni sablammii Oromoo nageenyaa fi tasgabbii galmeessisaniif beekamtii kennuun hooggantoota raayyaaf badhaasa addaa galata waliin gumaachuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaa nimul’isa.
Gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo qaba
Apr 12, 2024 756
Ebla 04/2016(TOI)- Gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoon hojjecha akka jiru ibse. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Roland Koobiyaa fi gamtaa Awurooppaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Jaaveer Peereez guyyaa Awuraappotaa bara faranjootaa Caamsaa 9 kabajamu ilaalchisuun waliin ibsa kennaniiru. Ambaasaaddarri gamtaa Awuooppaa Roolaand Koobiyaa ibsa kennaniin waggoota 74 duraa kaasee gamtaa Awurooppaa hundeessuuf biyyoota Awurooppaa muraasa jidduuttiwaliigalteen tumsaa taasifamuusaa yaadachiisaniiru. Yeroo ammaa gamtaan Awurooppaa qindoomina siyaasaa fi dinagdeetiin biyyoota 27 ofialatti hammateera jedhan. Gamtaan Awurooppaa hojiirra oolmaa deddeebisa paaspoortii bilisaa fi maallaqa waliinii fayyadamuu dabalatee sadarkaa tumsa egeree hundagaleessa biyyoota jidduutti uumerra gaheera jedhan. Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota addaddaa waliin hariiroo tumsaa egeree fi qajeelfamarratti hundaa’e cimsee kan ittifufu ta’uu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota tumsisootaa tarsiimawaa gamtichaa murteessoo ta’an keessaa idhee tokko ta’uushee eeranii, dameewwan siyaasaa fi dinagdeen tumsa cimaa uumuusaanii kaasaniiru. Gama tumsa dinagdee fi daldalaan waliigalteewwan damee dhuunfaa gabbisuuf taasifaman hedduun hojeeffamuusaanii dubbataniiru. Barnoota, fayyaa, eegumsa mirga namoomaa fidhimma godaantotaarratti tumsaan hojjechaa akka jiran eeraniiru. Awurooppaan alergii Itiyoophiyaa harka 20 akkasumas madda oomishoota alaa galan ishee lammaffaa ta’uu kaasaniiru. Gamtaa Awurooppaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Jaaveer Pereez, gamtaan Awurooppaa fi Afriikaan gama dinagdee, nagaa fi tasgabbii akkasumas hojiiwwan misoomaa namarratti xiyyeeffataniin tumsaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Gama daldalaa fi invastimantiinis kaampaaniiwwan biyyoota miseensota gamtaa Awurooppaarraa invastimantii birrii biiliyoona 241 ol akka qaban eeraniiru. Gama nagaa fi tasgabbii, godaansaa fi dameewwan tumsaa gama hedduu fi kanneen biroorratti waliin hojjechaa akka jiran kaasanii cimee kan ittifufu ta’uu mirkaneesaniiru.
Manni maree ministirootaa walgahii idilee 29ffaa taa’een dhimmoota addaddaarratti mari’atee murtee dabarse 
Apr 11, 2024 471
Ebla 03/2016 (TOI)- Manni maree ministirootaa walgahii idilee 29ffaa taa’een dhimmoota addaddaarratti mari’atee murtee dabarseera. Murteewwan walgahii idilee 29ffaa mana maree ministirootaa, 1. Manni marichaa jalqaba wixinee imaammataa tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaarratti mari’ateera. Seerota, imaammatootaa fi tarsiimoowwan mootummaan baasu raawwachiisuu fi raawwachuu akkasumas adeemsa mootummaa ijaaruu si’achiisuurratti qoonni dhaabbilee tajaajilaa fi bulchiinsaa mootummaa olaanaadha. Haala Kanaan dhimmoota imaammatichi hiikuu fi fuulduraaf irratti hojjetamuu utubaawwan ijoo 7 irratti bu’uureffachuun qophaa’ee dhihaateera. Kanneenis siviil sarviisii bilisaa fi ofdanda’aa ijaaruu, Ijaarsa siviil sarviisii heddumminaa fi hammataa mirkaneesse si’achisuu, sirna gurmaa’insaa fi bulchiinsa mijeessuu, sirna dhiheessii tajaajila mootummaa si’ataa fi qaqqabaa diriirsuu, sirna mirkaneess gahumsa hojjettoota mootummaa ijaaruu fi dandeettii raawwachiisummaa guddisuu, Siviil sarviisii dijitaalaa ijaaruun tajaajilootaa fi murteewwan fudhatama qabanii si’achiisuu, Ijaarsa hojiirra oolchummaa hooggansa siviil sarviisii fi dhaabbataa si’achiisuudha. Manni marichaa wixinee imaammataa kanarratti mari’atee galtee itti dabaluun hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 2. Itti aansuun wixinee imaammataa misooma intarpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa fi jiddugaleessaa irratti mari’ateera. Imaammatichi hundeeffama, guddinaa fi babalina intarpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa fi jiddugaleessaaf haala mijataa uumuun, deeggarsoonni damee kanaaf kennaman fedhii fi dandeettii kan ilaalcha keessa galchan akka ta’an gochuun, hojiiwwan daldalaa alidilee ta’an deeggaruun misoomni damee kanaa hammataa akka ta’u gochuun gumaacha guddina dinagdeef qabu guddisuuf kan dandeessisu ta’ee dhihaateera. Manni marichaa wixinee imaammataa kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 3. Sadaffaarratti wixinee danbii Gurmaa’insa, aangoo fi hojii abbaa taayitaa eegumsa naannoo murteessuuf dhihaate irratti mari’ateera. Abbaan taayitichaa hojiilee dhaabbanni to’ataa tokko raawwachuu qabu gahumsaan raawwachuu akka qabu, imaammattoonni, seeronnii fi sadarkaaleen eegumsa naannoo hojiirra jiran akkasumas waliigalteewwan eegumsa naannoo idil addunyaa Itiyoophiyaan mallatteessite hojiirra oolchuu fi hojjrra akka oolan gochuuakka dandeessu aangoo fi hojii abbaa taayitichaa akkasumas gurmaa’insa kan murteessu ta’ee mana mareef dhihaateera. Manni marichaas wiximee kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabalee guyyaa gaxexaa magalataarratti bahee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 4. Manni marichaa afraffaarratti wixilee labsii sadarkaalee Itiyoohiyaarratti mari’ate. Wixineen labsii kun oomishoonni, tajaajiloonnii fi adeemsi biyya keessatti oomishamanii, biyya galfamanii fi biyya alaatti ergaman qulqullina kan qabanii fi kan sadarkaan baheef akka ta’an, kun ammoo guutuu biyyaatti akka hojeeffamu, kan dandeessisu, qaamolee to’attootaa jidduutti hojmaanni qindaa’aan akka jiraatu, iftoominnii fiittigaafatamummaan akka jiraatu kan dandeessisu mana mareef dhihaateera. Manni marichaas wixinee labsichaarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera. 5. Manni marichaa shanaffaarratti wixinee labsii sirna safartuu seerawwaa irratti kan mari’ate yoo ta’u, daldalaa, fayyaa, nageenya fi eegumsa naannoon walqabatee safartuuwwanii fi meeshaaleen safartuu tajaajilarra oolan sirrii ta’uusaanii mirkaneessuun fayyaa fi nageenya namaa fi beelladaa eegsisuu akkasumas faalama naannoo ittisuun badhaadhina waliigalaaf bu’ura waan ta’aniif, seerri seerota safartuu seeraqabeessa idil addunyaa waliin walsime dhihaate baasuun walitti hidhamiinsi daldala idil addunyaa keenyaa gabbisuuf wixineen labsii faayidaa olaanaa qabu mana marichaaf dhihaateera. Manni marichaas wixinee labsichaarratti mari’atee galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera. Itti aansuunis wixineewwan labsii 3 irratti mari’atee murtee dabarseera 6. Wixineen labsii Inistiitiyuutii sirna safartuu Itiyoophiyaa hundeessuuf dhihaate damee sirna safartuu, kaaliibireeshinii fi meeshaa saayinsiin tajaajila guddina teeknooloojii addunyaan irra qaqqabe waliin walsimu kennuu akka danda’u, hojiilee qorannoo fi qu’annoo, garsaa fi leenjii raawwachuu kan dandeessisu dhihaateera. 7. Wixineen danbii waajjira akireediiteeshiinii biyyaalessaa Itiyoophiyaa humdeessuuf dhihaate sirna akireediiteeshinii biyyaalessaa fudhatama idil addunyaa qabu ijaaruun daldalli biyya keessaa fi alaa akka si’atu, fayyaa fi fayyadamummaan hawaasaa akkasumas nageenyi naannawaa akka eegamu fi sirni gabaa haqa qabeessi akka jiraatu gochuu karaa dandeessisuun wixineen dambii mana marichaaf dhihaateera. 8. Wixinee danbii dhaabbata madaallii walsimsiisaa Itiyoophiyaa irra deebi’uun hundeessuuf dhihaate oomishaaleen biyya keessatti oomishamanis ta’e biyya alaatii galfaman sadarkaalee idil addunyaa fi ulaagaalee seeraa guutuusaanii karaa inispeekshinii, sartafikeeshinii fi laaboraatooriin sakatta’uun mirkaneessuun fayyaan hawaasa fayyadamaa akka eegamu gochuun akka danda’amu wixineen dambii dhihaateera. Manni marichaas marii taasisuun galtee itti dabalee guyyaa gaaxexaa magalataarratti maxxanfamanii bahanii kaasee hojiirra akka oolan sagalee guutuun murteesseera. 9. Xumurarrattis wixinee danbii gurmaa’insa, aangoo fi hojii tajaajila godaantotaa fi godaansaa deebi’an murteessuuf dhihaatanirratti mari’ateera. Godaantotaa fi kanneen godaansaa deebi’aniif eegumsa barbaachisu gochuun akka danda’amu, waliigalteewwan idil addunyaa fi Ardii Itiyoophiyaan raggaasifte sirnaan hojiirra oolchuuf godaantonni dahannoo fi deeggarsa akka argatan dhaabbatichi qoodasaa sirnaan akka bahu dandeessisu mana mareef dhihaateera. Manni marees wixinee labsii kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfamee bahee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

Hawaasummaa
Ayyaana Shawaal Iid irratti nageenya kabachiisuuf qophiin taasifameera
Apr 15, 2024 47
Ebla 07/2016(TOI)- Sirni kabaja ayyaana Shawaal Iid nagaan akka xumuramu qophii barbaachisu taasisuusaa komishiniin poolisii naannoo Hararii beeksise. Kominishinarii komishinii poolisii naannichaa Nasrii Zakariyyaa akka ibsanitti, ayyaanni Shawwaal Iid naannichatti boruu kaasee kabajamu nagaan akka xumuramu qaamolee nageenyaa biroo waliin qindaa’uun haaldureen raawwatamaniiru. Qaamolee nageenyaa aanaalee hundarraa walitti dhufan waliin mari’achuun hojiitti galamuu dubbataniiru. Naannawoota ayyaanichi kabajamutti humnoota nageenyaa bobbaasuun hojiin haalduree raawwatamuu eeranii, ayyaanichi nagaan jalqabamee amma xumuramutti hojiin nageenyaa akka itti fufu beeksisaniiru. Ayyaanichi nagaan akka kabajamu Jjiraataan naannichaa hundi qoodasaa bahuu qaba jedhaniiru. Dabalataanis jala bultii fi guyyaa ayyaanichi kabajamu muddama tiraafikaa uumamu hir’isuuf daandiin murtaa’e tiraafikaaf cufaa akka taasifaman komishinarichi ibsaniiru. Haala Kanaan Kibxata boruu ganama sa’aatii 12 irraa kaasee daandiin karaa Raas hoteelaa gara waajjirabulchiinsa naannichaatti, Sillaaseerraa gara ibsaa tiraafikaa, karaa Godaanaa Kaaffee karaa Shankoor, karaa Shawaa Barrii gara Faras magaalaa geessu akkasumas daandiin Karaa Duuk barri, Fallaanaa Barri, Erer Barri, Sangaa barrii gara Faras Magaalaa geessu gaafa jala bultiimmoo galgalarraa kaasee bakka sirnichi itti raawwatamuu fi naannawoota daandiin cufaa taasifamanitti sa’aatii gabaabaafis ta’e dheeraaf konkolaataa dhaabuun deemuun dhorkaa ta’uu beeksisaniiru. Konkolaachiftoonni kana beekanii daandii biraa fayyadamuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Diinagdee
Magaalaa Adaamaatti kanneen hojii Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan gabaafillee dhiheessa jiru
Apr 16, 2024 16
Ebla 8/2016(TOI) - Magaalaa Adaamaatti kanneen hojii sagantaa Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan ofiin hanga barbaadan guuttatanii gabaafillee dhiheessa jiraachuu Waajjirri Qonnaa magaalichaa beeksise. Magaalichatti guyyaatti Buuphaan sagantaa kanaan oomishame kumni 350 ol gabaaf dhihaachaa jirachuu waajjirichi beeksiseera. Waajjirichatti dursaan garee misooma beelladaa obbo Abtaamuu Lammaa TOI'tti akka himanitti; magaalichaatti sagntaa Maaddii guutuu fi qonna magaalaa babal'isuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jira. Hanga ammatti godina shawaa bahaa aanaa Adaamaarra gara magaalaa Adaamaatti gandoonni dabalaman 28 keessatti hojiin horiisa lukkuu, oomisha aannanii fi misoomaa beelladoota fooniif oolanii akkasuma horsiisa kanniisaa fi misooma fuduraa fi muduraa hojjetama jira jedhaniiru. Keessattu kutaawwan magaalaa Adaamaa 6 fi aanaalee adda addaatti sagantaa Maaddii Guutuu karaa milkaa'a ta'een hojiirra oolfama jirachuu himaniiru. Jiddugalli horsiisa lukkuu, misooma beelladaa fi oomisha aannanii, akkasuma hojii horsiisa kanniisaaf kan oolana kumani 1 fi 285 dureeyyoota, hawaasaa fi bulchiinsa magaalichaan ijaaramanii tajaajilaaf gahuu isaanii obbo Habtaamuun himaniiru. Ijaarsa jiddugalaawwan kunneen dhiheesii maallaqaa callaa, lafa fi humnaan kaappitaallii birrii biliyoona 5.5 ta'u baasii itti ta'uu himaniiru. Sagantaa Maaddii Guutuu kana irratti kanneen hirmaachaa jiran manatti hanga Buuphaa isaan barbaachisuu guuttachuun cinaatti guyyaatti waliigalaan gara buuphaa kuma 350 olii gabaaf dhiheessa jirachuu himaniiru. Haaluma kanaan gabaa irratti kanaan dura gatii buuphaa birrii 12 ture yeroo ammaa gara birrii 8 gad bu'uu himaniiru. Haaluma wal fakkatuun gatiin aannanii kanaan duara liitirri tokko birrii 80 ture yeroo ammaa gara birrii 60'tti gad bu'uu eeraniiru. Sagantaa maaddii guutuu kana caalaatti milkaa'aa taasisuuf jiddugalawwan ijaaraman guutummaatti hojiitti galchuun xiyyeeffannan hojjetama jedhaniiru. Magaalichatti kanneen hojii sagantaa Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan ofiin hanga barbaan guuttatanii gabaafillee dhiheessa jiraachuu himaniiru.
Qonna Arfaasaa Baranaatiin naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol irra midhaan addaddaa facaasuun jalqabame
Apr 16, 2024 18
Ebla 08/2016(TOI)- Qonna Arfaasaa Baranaatiin naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol irra midhaan addaddaa facaasuun jalqabamuu biiroon qonnaa naannichaa ibse. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu fi hooggantoonni mootummaa naannichaa biroon bakka argamanitti hojiin qonna Arfaasaa baranaa godina Baalee aanaa Sinaanaatti jalqabameera. Hoogganaan biirichaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, qonna Arfaasaa baranaatiin lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol midhaan addaddaan oomishamuurratti argama. Misoomichi mekaanaayizeeshinii fi mala qonnaa oomishaa fooyya’een adeemsifamaa jira jedhaniiru. Qonni Arfaasaa baranaa bu’a qabeessa akka ta’u xaa’oon kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 7 ol qonnaan bulaaf raabsamuu subbataniiru. Gurgurtaan xaa’oo dijitaalaan taasifame qonnaan bulaa xaa’oo dafee akka argatu taasisuun alatti alseerummaa akka hambisu dubbataniiru. Misooma Arfaasaa, gannaa fi misooma jallisii boneetiin barana naannichatti lafti bal’aan midhaan addaddaan misoomsuuf karoorfameera jedhan obbo Geetuun. Hoogganaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Alitti Mahaammad gamasaaniin gamasaaniin godinichatti qonna Arfaasaa baranaatiin lafti heektaara kuma 221 ol midhaan addaddaan misoomsuun raawwatamaa jira. Qonnaan bultoota aanaa Sinaanaa keessaa obbo Baqqalaa Katamaa yaada kennaniin, wayitii Arfaasaa baranaatiin hojmaatota mala qonnaa fooyya’an fayyadamuun oomisha gaarii walitti qabuuf haal dureen taasifamuusaa ibsaniiru. Galteen qonnaa barana yeroon dhihaachuunsaa yeroo facaasaa bu’a qabeessa akka taasisu kan ibsan ammoojiraataa aanichaa qonnaan bulaa Taaddasaa Abbabaati. Yeroo ammaa qonnaan bulaan qophii maasaa xumuree rooba Arfaasaa roobuu jalqabetti fayyadamuun kilaastaraan misoomsaa akka jiran dubbataniiru.
Godina Gujiitti Qamadii bishaan addaddaan misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona tokko caalu walitti qabame
Apr 16, 2024 22
Ebla 08/2016(TOI)- Godina Gujiitti Qamadii bishaan addaddaan misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona tokko caalu walitti qabamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Ittigaafatamaan waajjirichaa obbo Taaddasaa Buzunaa bona baranaa qofa godinichatti lafa heektaara kuma 41 fi 400 irra Qamadiin faca’eera. Oomishtummaa guddisuuf sanyiin filatamaa fi xaa’oon kuntaala kuma 35 fi 900 faayidaarra ooluu dubbataniiru. Lafa kanarraa oomisha qamadii bonee kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 2 caalu walitti qabuuf karoorfamuu beeksisaniiru. Oomisha sassaabuuf kombaayinaroota fayyadamuusaanii ibsaniiru. Amma ammaatti oomisha kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 1 ol gombisaatti galfamuu eeraniiru. Lafti barana Qamadii boneen misoome kan bardheengaddaa heektaara kuma 20’n akka caaluu fi oomishni eegamus kuntaala kuma 530’n nicaala jedhan. Bishaan addaddaa fayyadamuun lafti Qamadii boneen misoomu dabalaa dhufuu ibsanii, oomishni walitti qabamus wagga waggaan dabalaa dhufuu eeraniiru. Godinichatti jiraataan aanaa Girjaa obbo Maarqoos Barraaqoo qonnaan bultoota misooma Qamadiitti barana hirmaatan keessaa tokko akka ta’an ibsaniiru. Midhaan bardheengaddaa argatan kunuunsa dhabuu fi calla guddistuutti fayyadamuu dhabuun oomishni argatan quubsaa akka hintaane niyaadatu. Barana bishaan addaddaa fayyadamuun lafa heektaara lama misoomsuun amma ammaatti oomisha kuntaala 30 ol walitti qabuusaanii ibsaniiru. Jiraataan aanaa Adoolaa Redee obbo Duub Waaqoo gamasaaniin misooma qamadii bonee waggaa sadiif oomishaa akka turan eeraniiru. Rooba eeguun oomishni waggaatti altokko qofa oomishamu nyaatarra darbee gabaaf ooluu akka hindandeenye niyaadatu. Hojii misooma Qamadii bonee erga jalqabanii asitti waggaatti al lama oomisha akka walitti qabanii fi gabaaf akka dhiheessan eeraniiru. Barana qamadii lafa heektaara lamarratti misoomsanirraa kuntaala 60 akka abdatan ibsaniiru. Oomisha kana dafanii walitti qabuun arfaasaa kanatti boloqqee facaasuuf karoorfachuusaanii dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu.
Apr 16, 2024 17
Ebala 8/2016(TOI) - Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabaachuu namni damee qorannoo taasisuun beekaman tokko ibsan. Yuunivarsiitii Jinkaatti korri qorannoo Aadaa fi Seenaa irratti xiyyeeffate geggeeffameera. Kora qorannoo kanarratti kan hirmaataan Yuunivarsiitii Kaalfoorniyaatti qorataan Sooshaal Antiropolojii Pirofeesar Doonaald L Donaahaam akka himanitti; Itoophiyaan aadaawwanii fi beekumsoota xabboo hedduu ajaa'ibsiisoo qabdi. Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa adda addaatti waggoota 50'f hojii qorannoo fi qo'annoo hojjechaa turuu himanii; qoarnnoo hawaasaa fi ilaalcha siyaasaa irratti Kitaaboota xiyyeeffatan hedduus barreesuu isaanii himaniiru. Waggoota qorannoo fi qo'annoof biyyoota Afrikaa keessa turan keessaa kan Itoophiyaa keessa turan guddaa ta'uu eeranii Itoophiyaan haala teesuma alafaa ja'ibsiisaa fi aadaa hedduun kan badhaatedha jedhaniiru. Qoratichi kora qorannoo kanarratti mata duree '' Hundeeffama Itoophiyaa fi beekumsoota xabboo walitti bu'insa furuuf'' jedhuun qorannoo dhiheesaniiru. Qoratichi qorannoo dhiheesaniin Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Itoophiyaatti walooma cimsuufi nageenya waaraa taasisuuf beekumsi xabboo karaa walitti bu'insa karaa aadaa furaniin gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Duudhaawwan kana Yuunivarsiitonnii fi dhaabbileen qorannoo qorannoo fi qo'annoon gabbisuun fayidaarra oolchuu qabus jedhaniiru.
Itiyoo-telekoom hojiilee sirna dijitaalaa hammataa mirkaneessuuf jalqabe cimsee itti nifufa-Fireehiywoot Taammiruu
Apr 16, 2024 17
Ebla 08/2016(TOI)- ኢ Itiyoo-telekoom faayinaansii dabalatee hojiilee sirna dijitaalaa hammataa mirkaneessuuf jalqabe cimsee akka ittifufu hojiiraawwachiiftuun olaanaa Itiyoo –telekoom Fireehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo-telekoom appilikeeshinii haaraa “Tele birr-ingeej” jedhamu kaleessa galgala ifoomseera. Maamiltoonni tajaajila Kanaan marii biizinasii kallattii nama dhuunfaa ykn garee taasisuuf odeeffannoowwan gabaa waljijjiiruuf, maallaqa erguu fi fudhachuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Akkasumas dhimmoota biizinasii akkasumas hawaasummaa biroo barreeffamaan, suuraadhaan, sagaleedhaan, viidiyoo fi bifa sanadaan waljijjiiruu nidanda’u jedhaniiru. Kaampaanichi Itiyoophiyaa dijitaalaa damee hundaan dhugoomsuuf shojjetamaa jira jedhaniiru. Keessumaa sirna faayinaansii dijitaalaa qaqqabaa taasisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Haala Kanaan appilikeeshinii “teelee birr-Ingeej” cehumsa faayinaansii dijitaalaa keessatti dhaabbilee daldalaa, mootummaa fi mitmootummaa gochuun dirree dinagdee dijitaalaa babal’isuuf kan gargaarudha jedhaniiru. Kaampaanichi hojiilee bu’uraaleen misoomaa sadarkaa biyyaalessaatti ijaare Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf jalqabaman gargaaruun shoorrisaanii olaanaa ta’uu dubbataniiru. Kaampaanichi fuulduras tajaajiloota dijitaalaa haaraa hojeessuuf akka hojjetu ibsaniiru. Itiyoo-telekoom karaa teelee birrii waggaa sadii dura hammattummaa faayinaansii dijitaalaa guddisuuf ifoomseen guyya guyyaatti gurgurtaa birrii biiliyoona 5 kan raawwatu yoo ta’u, waggoota 3 keessatti deddeebiin maallaqa birrii tiriiliyoonii 2 tuqaa 2 taasifameera.
Ispoortii
Sagantaan torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 4, 2024 140
Bitootessa 26/2016(TOI)- Taphoonni torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabamu. Tapha baniinsaatiin magaalaan Walqixxee Walaayittaa Diichaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan walqixxee taphoota piriimiyeerliigii shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, lama mo’amee sadii walqixa abaheera. Qabxii 12’n sadarkaa 15ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarra jira. Walaayittaa Diichaan taphoota piriimiyeerliigichaa sha walitti aansuun taphateen hinmo’anne, sadiin mo’amee lama qabxii qooddateera, qabxii 24’n sadarkaa 11ffaarra jira. Tapha torbee 20ffaa biraatiin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa Hambaricho duraamee waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’ameera,lama ammoo walqixa baheera. Qabxii 37’n sadarkaa sadaffaarra jira. Morkataansaa Hambarichoo Duraamee taphoota shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, afur mo’amee tokko walqixa baheera, qabxii 7’n sadarkaa 16ffaarra jira. Boru Bunni Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaa magaalaa Dirreedawaawaliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 20ffaa kun amma 29 bara 2016tti nitura. Machaal qabxii 39’n dursaa jira. Taphataan sarara duraa taphataan magaalaa Hawaasaa Alii Suleymaan goolii 11’n yemmuu dursu taphataan sarara duraa magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee goolii 9’n lammaffaarra jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 13, 2024 54
Ebla 05/2016 (TOI)-Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qopheessuusaa biiroon eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaa naannichaa beeksise. Daarektarri hariiroo ummataa biirichaa obbo Yuusuuf Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, biirichi biqiltuuwwan rakkoolee sababa jijjiirama haala qilleensaan uumaman qolachuuf gargaaran baay’isuun sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan biirichi jiddugaleessota moodelaa Jigjigaa biqiltuun itti baay’ifamu, Godee, Doolloo Addoo fi Dagaahaabuuritti hundeeffamanitti biqiltuu qopheessuusaa ibsaniiru. Naannawoota naannichaa rooba arfaasaa argatanitti Ebla 15 bara 2016 irraa kaasee biqiltuun akka dhaabamu daarektarichi beeksisaniiru. Kana malees ganna dhufu biqiltuuwwan addaddaa naannichatti dhaabaman miiliyoona lama dhaabuuf qophiirra aka jiran ibsaniiru. Hojii gaggeessaan jiddugala biqiltuu moodelaa Jigjigaa obbo Ayyaanlee Hasan, buufanni biqiltuu jiddugaleessicha jalatti hundaa’e biqiltuu baay’isuun kutaalee hawaasaa fi dhaabbileef tolaan akka raabsu beeksisaniiru. Buufanni kun yeroo ammaa akaakuu biqiltuu 32 baay’isaa akka jiru dubbataniiru. Namoota jiddugaleessichatti carraan hojii uumameef keessaa adde Zayinab Ahimad yaada kennaniin kunuunsa biqiltuu jiddugaleessichatti tasisaa jiranitti akka gammadan ibsaniiru. Waggoottan darba naannoo Somaaleetti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mukaa miiliyoona 51 ol dhaabaman keesaa harki 71 qabachuusaa odeeffannoon biiroo eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaarraa argame nimul’isa.  
Ji'oota sadan darban lafa heektaara miliyoona 2.5 irratti hojiin misooma sululaa hojjetameera jedhame
Apr 5, 2024 103
Bitootessa 27/2016(TOI) -Ji'oota sadan darban lafa heektaaraa miliyoona 2.5 irratti hojiin misooma sululaa hojjetamuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Amajjii 1/2016 irraa jalqabee ji'oota sadarn darban raawii hojii misooma sululaa hojjetamee fi sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf qophii biqiltuu qopheesuu ilaalchisee waltajjiin magaalaa Adaamaatti geggeeffameera. Waltajjii kanarratti hoggantoonni Biiroo Qonnaan naannolee fi qooda fudhatoonni biroon hirmaataniiru. Ministeera Qonnaatti dursaan raawwii hojii misooma, eegumsaa fi fayyadama qabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonniin ji'oota sadan darban sululaawwaan kuma 6 fi 200 irratti hojiin daagaa tolchuu dabalatee hojiin kununsa qabeenya umamaaf ooluu biroon hojjetamuu himaniiru. Kanaanis lafa heekataara miliyoona 2.5 irratti hojjetamuu eeranii hojii kunusa qabeenya uumamaa hojjetame kanarra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru. Kanaafis biqiltuu biliyoona 9.5 qopheesuuf tattaaffiin taasifamaa jirachuu himanii; ganna dhufu sadarkaa biyyaatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu biliyoona 9.5 dhaabuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru. Keessattu Fuduraalee, nyaata beellaadaa, biqiltuu bosonaa fi miidhagna magaalaaf oolaan irratti xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu himaniiru. Waltajjiin marii har'a qophaa'ee kunis qophii biqiltuu sadarkaa maaliirra akka jiru, bakkaa biqiltuun dhaabbatu adda baasuu, qophii boollaa biltuun keessa dhaabbatuu gamagamuuf kan kaayyeeffatedha jedhaniiru.
Godina Arriitti ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan miiliyoona 6 tuqaa 5 ol dhaabuuf qophiin taasifameera
Apr 3, 2024 120
Bitootessa 25/2016(TOI)- Godina Arriitti ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan addaddaa miiliyoona 6 tuqaa 5 ol dhaabuuf qophiin taasifamuu waajjiri eegumsa naannoo fi misooma bosonaa godinichaa beeksise. Waajjirichatti daarektarri misooma fi eegumsa bosonaa obbo Kindee Fissahaa TOI’f akka ibsanitti, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 6 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfameera. Baatii Ebla dhufurraa kaasee biqiltuun kan dhaabamu yoo ta’u kanaafis boolloon biqiltuun keessa dhaabamu qopheeffamuu ibsaniiru. Lafti biqiltuun biyya keessaa irra dhabamu heektaarri kuma 1 fi 899 qophaa’uu dubbataniiru. Waajjirichatti daarektarii eegumsa naannoo obbo Nuuressaa Mekkaanee, barana hirmaannaa ummataatiin aanaalee afur keesa dhaabuuf karoorfameera. Biqiltuuwwan biyya keessaa fi biyya alaa kanneen akka Koosoo, Giraabiiliyaa, Gaattiraa, Waddeessa Shimala, Buna kkf nidhaabamu. Kana malees nyaataaf kan oolanii fi faayidaa dinagdee kan qaban Avokaadoo, Muuzii, Paappaayaa fi muduraawwan bal’inaan nidhaabamu. Keessumaa Shimala bal’inaan oomishuuf karoorfamuu obbo Nuuressaan dubbataniiru. Godinichatti Shimalli hojii ogummaa harkaa, manaa fi meeshaaf akka oolu kaasanii, xaa’ummaa lafaa eeguu fi gadhiisii kaarboonii ittisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan. Bardheengaddaa godinichatti biqiltuun miiliyoona 4 tuqaa 9 dhaabamuu fi kana keessa harkii 89 qabachuun mirkanaa’eera jedhan obbo Nuuressaan. Godinichatti jiraataan magaalaa Jiinkaa dargaggoo Mindaayee Mitikkuu yaada kenneen faayidaa biqiltuu hubachuun wagga waggaatti sagantii biqiltuu dhaabuurratti nihirmaata. Saganta biqiltuu dhabuu Ebla dhufuu kaasee taasifamurratti hirmaachuuf qophii ta’uu ibsee, yeroo ammaa biqiltuu qopheesse kunuunsaa akka jiru ibseera. Biqiltuu maasaasaarratti misoomsaa jiru malees boroosaatti Mooriingaa, Paappaayaa, Gaattiraa, Avokaadoo fi kkf qopheessee gurguraa akka jiru dubbateera. Walitti hidhamiinsi misooma magariisaan qabu cimaa ta’uu kan ibse dargaggoo Mindaayeen, biqiltuuwwan dhaabe kunuunsaa akka jiru dubbateera.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 4680
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 356
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015