Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Miidiyaaleen Dhaabbilee amantaa dhimma nageenyaa fi tokkummaaf itti gaafatamummaan hojjechuu qabu
Apr 18, 2026 36
Eebila 10/2018 (ENA): Miidiyaaleen Dhaabbilee amantaa dhimma nageenyaa fi tokkummaaf itti gaafatamummaan hojjechuu qabu jedhan Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Haayimanot Zallaqaa.   Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa bu’aa hordoffii fi madaallii raabsa qabiyyee dhaabbilee miidiyaalee amantaa ji’oota sadan darbanii irratti raawwate ifoomsuu sagantaa qopheesseera. Sagantaa mata duree "Dhaabbilee miidayaalee Amantaa naageenyaa fi tokkummaaf" jedhuun gaggeeffamaa jiru kanarratti Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Ministira Muummee, Diyaaqon Daani'eel Kibret, Ministira Nageenyaa Mohaammad Idriis, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, Tasfaahun Gobazayii fi bakka bu'oonni dhaabbilee fi miidiyaalee amantaa argamaniiru. Akka Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Haayimanot Zallaqaa jedhanitti, dhaabbileen miidiyaalee amantaa barsiisa amantaa, tokkummaa, wal-hubannoo, jaalala, nageenya, misoomaa fi duudhaa waloo dabarsuudhaan hawaasaa fi hordoftoota isaaniif gumaacha gaarii taasisaniiru. Seerota miidiyaa jijjiirama biyyaalessaa dura turan jalatti dhaabbileen miidiyaalee amantaa hundeessuun, beekamtii seeraa fi hayyama akka hin arganne dhorkamuu isaanii ibsaniiru. Haa ta’u malee, haaromsa miidiyaa biyyaalessaa kanaan imaammanni fi labsiin miidiyaa fooyya’ee dhaabbileen amantaa beekamtii seeraa fi hayyama tamsaasaatiin akka socho’an haala mijataa uumuun isaa ni yaadatama. Abbaan Taayitaa dhaabbilee Miidiyaalee amantaa hunda waliin qindoominaan hojii hordoffii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e raawwachuun miidiyaaleen dhaabbilee kanaa hayyama argachuu fi akkaataa beekamtii seeraa isaaniif kennameen akka socho’an taasisaa turuu ibsaniiru. Miidiyaaleen amantaas akkaataa seera biyyattii fi duudhaa amantaatiin akka socho’an waamicha dhiyeessaniiru.   Barreessaa olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa fi Miseensa Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa luba Taagaay Taaddalaa gamasaaniitiin, dhaabbileen amantaa nageenyaa fi waldanda’uu biyyattiif gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Guddinni Misooma magaalichaa miidhagina Itiyoophiyaa mul’isuun qooda guddaa gumaachaa jira – kantiibaa Adaanach Abeebee
Apr 18, 2026 75
Ebla 10/2018 (ENA)- Guddinni misoomaa Magaalaa Finfinnee maqaa fi bifa Itiyoophiyaa ol kaasuuf gumaacha guddaa gochaa jiraachuu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsan. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo keessatti iddoo Ispoortii "Arbaa Siddist Meeda" jedhamuun waamamuu eebbisuun tajaajila ummataaf banaa godhaniiru. Kantiibaa Adaanach Abeebee wayita sana akka jedhanitti, dargaggoonni Finfinnee jaalala ispoortiif qaban guddaa ta'uu bulchiinsi Magaalichaa ni hubata jedhaniiru. Kanaafis, dargaggoonni iddoo ispoortii sadarkaa isaa eeggate akka argatan gochuuf, gandoota hunda keessatti bu'uuraalee Misooma Ispoortii bal'inaan ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Iddoowwan shaakala Ispoortii Magaalaatti ijaaramaa jiran dargaggoota qaamaanis ta'e sammuudhaan akka guddatan gargaaruuf akka ta'e dubbataniiru.   Gidduugalli dagaagina gabbisa Amalaa fi Safuu (Moral and Character Development)Finfinnee, dhaloota ga'umsaa fi fayyaa qabu mul'ata Itiyoophiyaa galmaan ga'u uumuuf gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. Magaalichi fedhii fi fayyadamummaa dargaggootaa hunda galeessa ta'e giddu galeessa godhachuun hojjechaa akka jiru kaasaniiru. Imala Badhaahina Itiyoophiyaa kan gufachiisu danda'u humni tokko illee akka hin jirre ibsuun, misooma keenya onnee fi murannoo guddaan cimsinee itti fufna jedhaniiru. Finfinneen dhaloota dhufu giddu galeessa godhachuun Pirojektootni Misoomaa gurguddoon ijaaramaa jiran, maqaa fi bifa Itiyoophiyaa ol kaasuuf gahee murteessaa taphachaa akka jiran hubachiisaniiru. Gara fuulduraattis hojiileen misoomaa fayyadamummaa jiraattota Finfinnee mirkaneessan, mijattuu, qulqulluu fi sadarkaa addunyaatti dorgtuu taate gonfachiisuuf cimsanii itti fufuu isaanii mirkaneessaniiru.
Dorgommii atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu
Apr 18, 2026 72
Ebla 10 /2018 (ENA)- Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriiksi dorgommiin guyyaa tokkoo har’a Isstaadiyoomii Finfinneetti ni gaggeeffama. Itiyoophiyaan seenaasheetiin yeroo jalqabaaf dorgommii atileetiksii idli addunyaa keessummeessuuf carraa kan argatte Guraandhala 2018dha. Barreessaan olaanaa dorgommii atileetiksii addunyaa Piirsi Oklagan jalqaba baatii Guraandhalaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii giyyaa lamaa taasisuunsaanii kan yaadatamudha. Yeroo kanatti Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil addunyaa qopheesuuf humna ga’aa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan garagaraa gara Itiyoophiyaa akka dhufan ni goona jechuunsaanii ni yaadatama. Haaluma Kanaan dorgommiin atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu sagantaa dorgommii atileetiksii addunyaa kan wagga keessatti hammatameera. Mootummaan dorgommii seena qabeessa kanaaf qophii barbaachisu taasiseera. Dorgommiin har’a gaggeeffamu kun atileetonni Itiyoophiyaa qofti kan itti hirmaatanii fi atileetonni idil addunyaa kan uttu hirmaatan jechuun bakka lamatti qoodameera. Atileetota beekamoo dorgomicharratti hirmatan keessaa lammiin Ameerikaa Gaabii Toomaas fi lammiin Keeniyaa Fardiinaandi Omaniiyalaa keessatti argamu. Atileetonni Afriikaa, Awurooppaa, Isiyaa fi Ameerika Kaabaa dabalatee ardiiwwan garagaraarraa walitti dhufan 70 ol dorgommicharratti nihirmaatu. Atiileetonni kunneen walakkaa torbee kanarraa eegaluun Istaadiyoomii Finfinneetti shaakalaa turaniiru. Haarmosi Istaadiyoomii Finfinnee xumuramee dorgommiin qophii taasifameera. Dorgommiin kun teeknooloojiin deeggaramee kallattiin (Live Stream) ni tamsaasama. Kun ammoo maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuu fi tuurizimii Ispoortii guddisuuf faayidaa guddaa akka qabaatu ni eegama. Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriin Finfinnee sadarkaan Naasaa kan kennameefidha.
Itiyoophiyaa fi Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC) tumsa tarsiimaawoo isaanii cimsuuf kutannoo qaban ibsan
Apr 17, 2026 1248
Eebila 09/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa tumsa tarsiimawaa isaanii caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walga’iin Birraa Baankii Idil-addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) Waashingitan Diisiitti geggeeffamaa jira.   Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, walga’icha cinaatti, Hoji-raawwachiisaa Korporeeshinii Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC) Been Bilaak waliin marii sadarkaa olaanaan taasisaniiru. Marii kanarratti tumsa Itiyoophiyaa fi korporeeshinichaa (DFC) gidduu jiru cimsuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, keessattuu dameewwan akka geejjibaa fi albuudaa irratti waliin hojjechuurratti mari’ataniiru. Gareewwan lameen guddina itti fufiinsa qabuu fi hirmaachisaa saffisiisuuf gahee faayinaansiin misoomaa qabu gidduugaleeffachuun, tumsa dinagdee fi daldalaa cimsuuf haala danda’anirratti marii taasisaniiru. Ministirichi, Itiyoophiyaan fooyya’insa Dinagdee Gooroo gama hundaan taasisaa jirtuu fi carraaqqii haala invastimantii fooyyessuuf taasifamaa jiru ibsaniiru. Mootummaan invastimantii kallattii alaa (FDI) hawwachuuf haala mijataa uumuuf kutannoo qabu mirkaneessaniiru. Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC), Itiyoophiyaa keessatti keessattuu dameewwan bu’uura misoomaa fi kanneen biroo irratti hirmaannaasaa guddisuuf fedhii qabu irra deebi’ee ibseera. Gareewwan lameen carraa faayinaansii fayyadamuufi bu’aa faayidaa waloo mirkaneessuuf tumsa fuulduraa barbaachisaa ta’uusaa irratti xiyyeeffataniiru. Itiyoophiyaa fi Korporeeshinichi tumsa isaanii cimsuufi invastimantii Itiyoophiyaa keessatti xiyyeeffannoo argatan saffisiisuuf kutannoo waloo qaban ibsuu isaanii, odeeffannoo Ministirri Maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera.
Kan mul'ate

Bulchiinsa Saba Oromoo Keessatti Sagantaan jalqabsiisa Dhaabbii Fuduraalee Kilaastaraan Eegalame
Apr 17, 2026 734
Eebila 9/2018 (ENA) : Gareen hoggantoota olaanoo bulchaan Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa fi bulchaan Mootummaa Naannoo Affaar obbo Awwal Arbaan durfamu Godina Bulchiinsa Saba Oromoo, aanaa Dawaa Caffaa keessatti sagantaa jalqabsiisa dhaabbii fuduraa kilaastaraan eegalchiisaniiru.   Hoggantoota olaanoo kanneen dabalataanis, De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Mallas Mokonnin, Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Aadde Faantuu Tasfaayee, sadarkaa itti aanaa bulchaa naannichaatti Qindeessaan Damee Misooma Magaalaa Naannichaa Dr. Ahimad diin Mahammadii fi Itti aanaan bulchaa naannichaa Dr. Abduu Huseen argamaniiru. Kana malees, hoggantoonni naannoo fi godinaa biroo fi qooda fudhattoonni biroo saganticha irratti argamaniiru. Bulchaan Olaanaa Bulchiinsa Saba Oromoo obbo Ahmad Alii wayita sana akka dubbatanitti, ikoloojii fi qilleensi godinichaa misooma fuduraaleef mijataa ta’uu ibsaniiru.   Godinni kun bishaan gubbaa fi lafa jalaan kan eebbifame ta’uu eeruun, pirojektiin misooma fuduraa kilaastaraan har’a ifatti eegaluu isaa ibsaniiru. Kunis misooma fuduraalee bifa facaatii qabuun gaggeeffamaa ture gara kilaastaraatti babal’isuun gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Yeroo ammaa kana qonnaan bultoota biyya keessaa gurmaa’anii hubannoo uumuun danda’amuu misooma fuduraalee akka hubataniifi akka jalqaban tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa foyyeesuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan argamaa jira
Apr 17, 2026 1532
Eebila 09/2018 (ENA): Naanoo Oromiyaatti kenninsa tajaajilaa fooyyessuuf hojii hojjetameen bu’aa qabatamaan argamaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan. Itti Aanaan Pirezidaantichaa raawwii karoora ji’oota saglanii ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin bara baajitichaa baatiiwwan saglan darbanitti dameelee hedduun hojiileen misoomaa bu’aa qabeessa ta’an raawwatamuusaanii ibsaniiru. Keessattuu, tajaajila kenniinsaa fooyyessuuf hojiileen hojjataman rakkoolee bulchiinsa gaarii hir’isuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru ibsaniiru. Rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf magaaloota shan keessatti sadarkaa qorannootti kan jalqabame kenniinsi tajaajila giddugala tokkoo (Masoob) milkaa’ina argamsiisuu isaa hordofee, muuxannoo kana babal’isuuf hojiin hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Akka Itti Aanaan Pirezidaantichaa ibsanitti, sadarkaa lammaffaatti kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo kana magaaloota 26tti babal’isuun kan danda’ame yoo ta’u, isaan keessaa muraasni tajaajila kennuu jalqabaniiru. Sadarkaa sadaffaattis Magaaloota 60 keessatti jalqabuuf sochiin eegalamuu eeraniiru. Obbo Awwaluun, lammiileen kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo 'Masob' argatan dhibbantaa 97 ol itti quufinsa qabaachuusaanii ibsanii, hojiin fakkeenya ta’u kun babal’atee ummanni tajaajila barbaadu akka argatuuf kutannoon hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Hojiin kun milkaa’ina akka argatuuf teeknoolojii, humna namaa, iddoo hojii fi haala hojiif mijaatu uumuun hojiileen bal’aan raawwatamaa jiru jedhaniiru. Hoggansi gara ummataatti dhihaatee akka tajaajiluuf, guyyoota tajaajilaa adda baasuu qofa osoo hin taane, aanaalee fi gandaatti riifoormii gaggeeffameen hawaasni tajaajila barbaadu akka dhiheenyaatti argatuuf mijeessuun danda’ameera. Tajaajila kenniinsa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf, hojjettoota rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irratti tarkaanfiileen sirreeffamaa gara garaa fudhatamuu isaa himaniiru. Gama biraatiin, Naannichatti Ji’oota Saglanii darban keessatti qarshii biliyoona 237 ol galiin walitti qabamuu ibsuun, fuuldurattis galii naannichaa guddisuuf kaffaltoota gibiraaf hubannoo uumuu fi maddoota galii qorachuun cimee itti fufa jedhaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun, naannichatti bara baajataa kana keessatti piroojektoota misoomaa garagaraa kuma 28 fi 800 ol ijaaramaa akka jiran kan ibsan yoo ta’u, piroojektoota kana keessaa kuma 21 ol kan ta’an yeroo dhiyootti tajaajila ummataaf banaa akka ta’an ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan Tumsa Loltummaa Industirii fi Teeknooloojii Guddisuuf Waliigalaniiru
Apr 14, 2026 2541
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa Loltummaa industirii fi teeknooloojii isaanii guddisuuf waliigalaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa injiinar Aayishaa Mahaammad Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Laayibeeriyaa Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji waliin Finfinneetti mari'ataniiru.   Walgahichaan dhimmoota tarsiimoo tumsa loltumaa biyyoota lamaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuu danda’anirrattis mari’ataniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa akka himanitti,Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uu yaadachiisuun, walitti dhufeenyi seenaa kun tumsa loltummaa amma jiruuf bu’uura cimaa akka ta’u dubbatani. Itiyoophiyaan gama industirii loltummaa fi ijaarsa dandeettii irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan saayinsii loltummaa fi ijaarsa ittisa ammayyaa irratti, nageenya idil addunyaa eegsisuu dabalatee, muuxannoo barumsaa guddaa Laayibeeriyaaf ta’uu ibsaniiru.   Laayibeeriyaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo bal’aa argachuuf fedhii guddaa akka qabdus ibsaniiru. Keessattuu gama leenjii fi tumsa teeknikaatiin tumsa loltummaa biyyoota lamaanii daran guddisuuf akka hojjetan odeeffannoon onlayin Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa ENA’f erge ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee isaanii kennuuf qophaa’aniiru
Apr 13, 2026 3730
Eebila 05/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee keenya kennuuf dursinee qophoofneerra jedhan. Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een Bitootessa 28, 2018 irraa eegalee tokkoon tokkoon buufata filannootti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira. Jiraattonni naannoo Harar yeroo ammaa kaardii galmee filattootaa filannoo kana irratti akka hirmaatan isaan dandeessisu fudhachuu himaniiru.   Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an aadde Firehiwot Abbaynaa turtii ENA Waliin taasisaniin, filannoo biyyaalessaa afran darban irratti hirmaachuudhaan paartii fayyada jedhaniin sagalee kennuu isaanii yaadataniiru. Filannoo waliigalaa ji’a Caamsaa dhufu irratti hirmaachuuf qophaa’aa akka jiran ibsuun, Kanaafis kaardii filannoo fudhannee dhaaba guddina biyyaatiif ni hojjeta jedhanii amananiif sagalee isaanii kennuuf qophaa’uu himani.   Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhannee mirga lammummaa fi heera mootummaatii nuuf kenname itti fayyadamuun qophoofneerra kan jedhan immoo jiraataa magaalattii obbo Habtaamuu Siifaa dha. Paartiileen morkattootaa yaada isaanii karaalee miidiyaa ibsachaa waan jiraniif paartii nuuf ta’a jennu filachuuf qophoofneerra jedhani. Filannoon kun nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf namuu gahee isaa bahuu akka qabus dubbataniiru.   Kaardii paartii filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu barbaannu filachuuf nu dandeessisu fudhannee jirra kan jedhan Ajabaa Adam, paartii nuuf mijatu filachuuf qophoofneerra jedhnai. Kunis karaa nagaa fi dimokiraasiin akka gaggeeffamuuf gahee keenya ni baana jedhaiiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa'an gargaaruu fi rakkoolee mariidhaan hiikuuf ga'ee keenya ni baana - Jiraattota Dirree Dhawaa
Apr 10, 2026 7413
Eebila 2/2018 (ENA): Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa’an gargaaruu fi rakkoolee mudatan mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA waliin turti taasisan. Pirojektoonni misoomaa kallattii hedduun waggoota jijjiiramaa keessa Dirree Dhawaatti hojjetaman, bu’aa qabatamaa akka argamsiisan karaa hedduudhaan mirkaneessuun ni danda’ama jedhani. Ummanni Dirree Dhawaa hojiiwwan misoomaa bara mootummaa jijjiiramaa waliin dhufe deegaruun hiriira bahuun agarsiiseera. Pirojektoonni misoomaa murteessoo ta’an egeree Itiyoophiyaa murteessan hojjetamaa akka jiran ibsuun, isaan xumuruuf tumsi, deeggarsaafi gargaarsi hundaa akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf pirojektoonni misoomaa jijjirama kanaan eegalaman akka milkaa’anii fi rakkoolee jiran mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA’n waliin turtii taasisan.   Namoota yaada kennan keessaa Abbaa Gadaa Afran Qalloo kan ta’an Abdurrazaaq Ahimadii fi hogganaa aadaa hawaasa Somaalee Haajii Abdoo Umar Isaa, Itiyoophiyaa keessa rakkoolee kanaan dura turan hedduun akka jiran eeruun,rakkoolee kanneenimmoo waaraan furuuf mariin barbaachisaa ta’uu himani. Adeemsi marii biyyoolessaa akka milkaa’uuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.   Yaada kennitoonni biroo, obbo Akiliilee Taaxaq fi obbo Abdoo Muummee, bu’aawwan jijjiramichaa itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf tokkummaa biyyaalessaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee biyyoolessaa jaarraa hedduuf turan turan mariidhaan hiikuun biyya dhalootaaf mijattu ijaaruun ni danda’ama jedhu irratti Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojjachaa akka jiru beekamaadha.

Hawaasummaa
Miidiyaaleen Dhaabbilee amantaa dhimma nageenyaa fi tokkummaaf itti gaafatamummaan hojjechuu qabu
Apr 18, 2026 36
Eebila 10/2018 (ENA): Miidiyaaleen Dhaabbilee amantaa dhimma nageenyaa fi tokkummaaf itti gaafatamummaan hojjechuu qabu jedhan Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Haayimanot Zallaqaa.   Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa bu’aa hordoffii fi madaallii raabsa qabiyyee dhaabbilee miidiyaalee amantaa ji’oota sadan darbanii irratti raawwate ifoomsuu sagantaa qopheesseera. Sagantaa mata duree "Dhaabbilee miidayaalee Amantaa naageenyaa fi tokkummaaf" jedhuun gaggeeffamaa jiru kanarratti Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Ministira Muummee, Diyaaqon Daani'eel Kibret, Ministira Nageenyaa Mohaammad Idriis, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, Tasfaahun Gobazayii fi bakka bu'oonni dhaabbilee fi miidiyaalee amantaa argamaniiru. Akka Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Haayimanot Zallaqaa jedhanitti, dhaabbileen miidiyaalee amantaa barsiisa amantaa, tokkummaa, wal-hubannoo, jaalala, nageenya, misoomaa fi duudhaa waloo dabarsuudhaan hawaasaa fi hordoftoota isaaniif gumaacha gaarii taasisaniiru. Seerota miidiyaa jijjiirama biyyaalessaa dura turan jalatti dhaabbileen miidiyaalee amantaa hundeessuun, beekamtii seeraa fi hayyama akka hin arganne dhorkamuu isaanii ibsaniiru. Haa ta’u malee, haaromsa miidiyaa biyyaalessaa kanaan imaammanni fi labsiin miidiyaa fooyya’ee dhaabbileen amantaa beekamtii seeraa fi hayyama tamsaasaatiin akka socho’an haala mijataa uumuun isaa ni yaadatama. Abbaan Taayitaa dhaabbilee Miidiyaalee amantaa hunda waliin qindoominaan hojii hordoffii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e raawwachuun miidiyaaleen dhaabbilee kanaa hayyama argachuu fi akkaataa beekamtii seeraa isaaniif kennameen akka socho’an taasisaa turuu ibsaniiru. Miidiyaaleen amantaas akkaataa seera biyyattii fi duudhaa amantaatiin akka socho’an waamicha dhiyeessaniiru.   Barreessaa olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa fi Miseensa Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa luba Taagaay Taaddalaa gamasaaniitiin, dhaabbileen amantaa nageenyaa fi waldanda’uu biyyattiif gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Waliin gahinsa tajaajila ibsaa manneen waliin jireenyaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Apr 17, 2026 298
Eebila 9/2018 (ENA) : Tajaajilli humna ibsaa Itiyoophiyaa qaqqabummaa tajaajila ibsaa manneen waliin jireenyaa guddisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu beeksise. Odeeffannoon tajaajilichi ENA’f erge akka mul’isutti hojiin ibsaa dhuunfaatti akka fayadamaniif jiraattota saayitiiwwan adda addaa manneen waliin jireenyaa(Kondominiyeemii) Koyyee Facceetti kennuu itti fufee jira.   Jiraattonni Pirojektii Kondominiyeemii Koyyee Faccee 11 fi 17 keessa jiraatan kuma 12 ol ta’an tokkoon tokkoon bilookii keessatti abbaa feezii sadii kan fayyadamaa turan ta’uu eeruun, kanarraa kan ka’e hanqina humna ibsaa fi addaan cituun rakkachaa turaniiru. Haa ta'u malee yeroo ammaa lakkooftuun dhuunfaan isaaniif galuun humna gahaa argachuu danda'aniiru. Akkasumas sararoonni voolteejii gadi aanaa kiiloo meetira 17.3, sarara lafa jalaa voolteejii giddu galeessaa kiiloo meetira 8.4, sarara olka’aa voolteejii giddu galeessaa kiiloo meetira 4.1 diriiruun jiraattotaaf ibsaa akka kennan himeera. Jiraattotaaf tiraansifoormariin 53 kan dhaabaman yoo ta’u,lakkooftuun kuma 12 fi 100 jiraattotaaf galchamuu ibseera. Kaffaltiin karaa Manneen Jireenyaa Finfinneen raawwatamee akkuma xumurameen hojiin ibsaa jiraattota saayitiiwwan adda addaa Kondominiyeemii Koyyee Facceetti argaman cimee akka itti fufu eereera. Tajaajilli kun manneen jireenyaa waliinii keessatti humna ibsaa waliin gahuu guddisuuf xiyyeeffannoo dursa kennuun hojjechaa akka jirus beekseera. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Hojiileen misoomaa damee hawaasummaa keessatti ji’oota sagal darban hojjetaman fayyadamummaa hawaasaa guddisu hojjetameera
Apr 16, 2026 165
Eebila 8/2018 (ENA): Hojiileen misoomaa damee hawaasummaatiin ji’oota sagal darban keessatti raawwataman fayyadamummaa hawaasaa guddisaniiru jedhan sadarkaa itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastara hawaasummaa naannichaa obbo Saadat Nashaa himaniiru. Ibsa qindeessaan kun kennaniin, ji’oota sagal darban keessatti hojiiwwan misooma hawaasummaa hedduun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneesse hojjetamaa turuu ibsaniiru. Dameen hawaasummaas, dhaloota dorgomaa, fayyaa, fi dhaloota aadaa fi eenyummaa isaa kabaju uumuuf ciminaan hojjechaa turuu ibsaniiru. Hojiileen qulqullina barnootaa gama hundaan mirkaneessuuf gargaaranis ji’oota sagal darban keessatti haala gaariin raawwatamuu ibsaniiru. Keessattuu qulqullina barnootaa bu’uuraan jijjiiruuf manneen barnootaa mana barumsaa idilaan duraa kuma 20 fi 180 keessatti barnoota qulqullina qabu kennuuf tattaaffiin taasifameera. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa 2ffaa keessattis hojiin ijaarsa daree fi fooyya’iinsaa hojjetamaa turuu hubachiisaniiru. Sagantaan nyaata mana barumsaa barattootaaf kennamu cimee, dandeettii barsiisotaa guddisuuf qormaanni leenjii fi madaallii gaggeeffamaa akka jirus ibsaniiru. Damee fayyaatiin ji’oota sagal darban keessatti buufatawwan fayyaa hedduun ijaaramanii tajaajila kennuu kan jalqaban yoo ta’u, manneen qorichaa hawaasaa 89 hojiitti galaniiru. Kana malees, damee aadaa, haqaa fi ispoortii keessatti raawwiin fooyya’aan galmaa’uu isaa qindeessaan kun hubachiisaniiru; ji’oonni sagal yeroo manneen murtii aadaa itti ciman ta’uu ibseera. Damee ispoortii daran kakaasuuf iddoowwan ispoortii gama adda addaatiin ijaaramuu fi sochii ispoortii hawaasaa babal’isuuf hojjetamaa turuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Diinagdee
Guddinni Misooma magaalichaa miidhagina Itiyoophiyaa mul’isuun qooda guddaa gumaachaa jira – kantiibaa Adaanach Abeebee
Apr 18, 2026 75
Ebla 10/2018 (ENA)- Guddinni misoomaa Magaalaa Finfinnee maqaa fi bifa Itiyoophiyaa ol kaasuuf gumaacha guddaa gochaa jiraachuu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsan. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo keessatti iddoo Ispoortii "Arbaa Siddist Meeda" jedhamuun waamamuu eebbisuun tajaajila ummataaf banaa godhaniiru. Kantiibaa Adaanach Abeebee wayita sana akka jedhanitti, dargaggoonni Finfinnee jaalala ispoortiif qaban guddaa ta'uu bulchiinsi Magaalichaa ni hubata jedhaniiru. Kanaafis, dargaggoonni iddoo ispoortii sadarkaa isaa eeggate akka argatan gochuuf, gandoota hunda keessatti bu'uuraalee Misooma Ispoortii bal'inaan ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Iddoowwan shaakala Ispoortii Magaalaatti ijaaramaa jiran dargaggoota qaamaanis ta'e sammuudhaan akka guddatan gargaaruuf akka ta'e dubbataniiru.   Gidduugalli dagaagina gabbisa Amalaa fi Safuu (Moral and Character Development)Finfinnee, dhaloota ga'umsaa fi fayyaa qabu mul'ata Itiyoophiyaa galmaan ga'u uumuuf gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. Magaalichi fedhii fi fayyadamummaa dargaggootaa hunda galeessa ta'e giddu galeessa godhachuun hojjechaa akka jiru kaasaniiru. Imala Badhaahina Itiyoophiyaa kan gufachiisu danda'u humni tokko illee akka hin jirre ibsuun, misooma keenya onnee fi murannoo guddaan cimsinee itti fufna jedhaniiru. Finfinneen dhaloota dhufu giddu galeessa godhachuun Pirojektootni Misoomaa gurguddoon ijaaramaa jiran, maqaa fi bifa Itiyoophiyaa ol kaasuuf gahee murteessaa taphachaa akka jiran hubachiisaniiru. Gara fuulduraattis hojiileen misoomaa fayyadamummaa jiraattota Finfinnee mirkaneessan, mijattuu, qulqulluu fi sadarkaa addunyaatti dorgtuu taate gonfachiisuuf cimsanii itti fufuu isaanii mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaa fi Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC) tumsa tarsiimaawoo isaanii cimsuuf kutannoo qaban ibsan
Apr 17, 2026 1248
Eebila 09/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa tumsa tarsiimawaa isaanii caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walga’iin Birraa Baankii Idil-addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) Waashingitan Diisiitti geggeeffamaa jira.   Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, walga’icha cinaatti, Hoji-raawwachiisaa Korporeeshinii Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC) Been Bilaak waliin marii sadarkaa olaanaan taasisaniiru. Marii kanarratti tumsa Itiyoophiyaa fi korporeeshinichaa (DFC) gidduu jiru cimsuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, keessattuu dameewwan akka geejjibaa fi albuudaa irratti waliin hojjechuurratti mari’ataniiru. Gareewwan lameen guddina itti fufiinsa qabuu fi hirmaachisaa saffisiisuuf gahee faayinaansiin misoomaa qabu gidduugaleeffachuun, tumsa dinagdee fi daldalaa cimsuuf haala danda’anirratti marii taasisaniiru. Ministirichi, Itiyoophiyaan fooyya’insa Dinagdee Gooroo gama hundaan taasisaa jirtuu fi carraaqqii haala invastimantii fooyyessuuf taasifamaa jiru ibsaniiru. Mootummaan invastimantii kallattii alaa (FDI) hawwachuuf haala mijataa uumuuf kutannoo qabu mirkaneessaniiru. Korporeeshiniin Faayinaansii Misoomaa Idil-addunyaa Ameerikaa (DFC), Itiyoophiyaa keessatti keessattuu dameewwan bu’uura misoomaa fi kanneen biroo irratti hirmaannaasaa guddisuuf fedhii qabu irra deebi’ee ibseera. Gareewwan lameen carraa faayinaansii fayyadamuufi bu’aa faayidaa waloo mirkaneessuuf tumsa fuulduraa barbaachisaa ta’uusaa irratti xiyyeeffataniiru. Itiyoophiyaa fi Korporeeshinichi tumsa isaanii cimsuufi invastimantii Itiyoophiyaa keessatti xiyyeeffannoo argatan saffisiisuuf kutannoo waloo qaban ibsuu isaanii, odeeffannoo Ministirri Maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera.
Bulchiinsa Saba Oromoo Keessatti Sagantaan jalqabsiisa Dhaabbii Fuduraalee Kilaastaraan Eegalame
Apr 17, 2026 734
Eebila 9/2018 (ENA) : Gareen hoggantoota olaanoo bulchaan Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa fi bulchaan Mootummaa Naannoo Affaar obbo Awwal Arbaan durfamu Godina Bulchiinsa Saba Oromoo, aanaa Dawaa Caffaa keessatti sagantaa jalqabsiisa dhaabbii fuduraa kilaastaraan eegalchiisaniiru.   Hoggantoota olaanoo kanneen dabalataanis, De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Mallas Mokonnin, Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Aadde Faantuu Tasfaayee, sadarkaa itti aanaa bulchaa naannichaatti Qindeessaan Damee Misooma Magaalaa Naannichaa Dr. Ahimad diin Mahammadii fi Itti aanaan bulchaa naannichaa Dr. Abduu Huseen argamaniiru. Kana malees, hoggantoonni naannoo fi godinaa biroo fi qooda fudhattoonni biroo saganticha irratti argamaniiru. Bulchaan Olaanaa Bulchiinsa Saba Oromoo obbo Ahmad Alii wayita sana akka dubbatanitti, ikoloojii fi qilleensi godinichaa misooma fuduraaleef mijataa ta’uu ibsaniiru.   Godinni kun bishaan gubbaa fi lafa jalaan kan eebbifame ta’uu eeruun, pirojektiin misooma fuduraa kilaastaraan har’a ifatti eegaluu isaa ibsaniiru. Kunis misooma fuduraalee bifa facaatii qabuun gaggeeffamaa ture gara kilaastaraatti babal’isuun gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Yeroo ammaa kana qonnaan bultoota biyya keessaa gurmaa’anii hubannoo uumuun danda’amuu misooma fuduraalee akka hubataniifi akka jalqaban tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunvarsiitichi hojiiwwan qorannoo Qonnarratti xiyyeefatee hojjetu Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jira
Apr 15, 2026 1133
Eebila 07/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Jimmaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan gaggeessaa jiru Qonnaan Bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu beeksise. Yunivarsiitiin Jimmaa hojii Barnootaa fi leenjii cinaatti, qorannoowwan gosa adda addaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan kanneen eeramanidha. Yunivarsiitichis qonnaan bultoota Godina Jimmaa fi naannolee biroo fayyadamoo taasisuuf xaa’oo uumamaa oomishuudhaan raabsaa jira. Xaa’oon uumamaa kun ‘baayoochaar’ (Biochar) irratti hundaa’e kan oomishamu yoo ta’u, fayyummaa biyyee fooyyessuudhaan oomishtummaa dabaluu fi naannoo miidhaa keemikaalarraa eeguuf gumaacha guddaa qaba. ‘Baayoochaarii’ jechuun, hafaa oomisha qonnaa fi baala ho’a ol’aanaan gubuu irraa kan argamu gosa cilee yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan akka cileetti itti fayyadamuuf osoo hin taanee, gabbina biyyee eeguun tursiisuufi. Kana malees, gabbina biyyee fooyyessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirama qilleensaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu ragaaleen ni agarsiisu. Itti Aanaan Diinii Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beelladootaa Yunivarsiitichaa, Dr. Fiqiramaariyaam Gadaa,Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo Hawaasa fayyadamoo taasisuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisan keessaa tokko xaa’oo baayoocharii irratti hundaa’e dhaqqabamaaa taasisuu akka ta’e himanii, hanga ammaatti qonnaan bultoonni 500 ol fayyadamoo ta’uusaanii dubbataniiru. Xaa’oo uumamaa kana giddu galeessa qorannoo Arsiittii fi Baatuu waliin ta’uudhaan gara qonnaan bultootatti babal’isuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kana malees Naannoo Sidaamaattis hojiirra oolchuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Yeroo ammaa Godina Jimmaa qofaatti qonnaan bultoonni 300 ol xaa'oo uumamaa kana fayyadamuurra darbee, leenjii fudhatanii ofiisaanii oomishaa jiraachuu eerameera. Barsiisaa fi qorataa Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beeyladootaa Yunivarsiitii Jimmaa, Doktar Milkiiyaas Ahimad, 'baayoochaariin' xaa'icha qopheessuuf barbaachisu kun, hafaa oomisha qonnaa fi baala tajaajila biraa irra hin oolle irraa kan qophaa'u ta'uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan Godina Jimmaa, Aanaa Deedoo, obbo Biyyaa Haajii, xaa'oo bu'aa qorannoo kanaa fayyadamanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii dubbataniiru.   Qonnaan Bulaan Aanaa sanaa kan biroo, obbo Raayyaa Abbaafiixaa, xaa'oo uumamaa qorattoonni dhiyeessan kana irratti shakkii akka qaban ibsanii, ta'us, bu'aa qabeessa ta'uusaa erga hubatanii booda, fayyadamuu qofa utuu hin taane gara hojii oomishuuttis seenuu isaanii himaniiru.
Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hundaa kan boonsudha
Apr 14, 2026 190
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hunda kan boonsu ta'uu Ministirri Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatii, ibsani. Itiyoophiyaan kenniinsa tajaajila alaa fi damee kalaqaan ardicha keessatti dargomaa fi gahumsa gaarii ijaaraa jirti jedhani. Jilli Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatiin durfamu Paarkii Teeknooloojii Odeeffannoo Itiyoophiyaa daawwateera. Ministirri Dhimma alaa kun akka jedhanitti, Jijjiiramni damee teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti mul’ate Afrikaa hundaaf madda boonsaa ta’uu ibsani. Hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaa sadarkaa itti aanutti ceesisuuf fedhii akka qabanis himaniiru. Akkasumas tumsi gama teeknooloojii, qonnaa fi barnootaan taasifamu ummata biyyoota lamaanii fayyadamoo taasisuu akka qabu ibsaniiru. Humna namaa baay’ee Afrikaa keessattuu dargaggoota sirnaan itti fayyadamuuf tumsa biyyoota "Kibbaa-Kibbaa" gidduu jiru cimsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Ardichi waliinii fi qindoominaan yoo misoomte ni danda’ama jechuun dubbataniiru. Wiirtuuwwan daataa paarkii ayisiitii keessatti daawwatan ilaalchisee Itiyoophiyaan gama hojii alaa fi kalaqaan ardii kanarratti dandeettii dorgomaa fi injifatamuu hin dandeenye ijaaraa akka jirtu ibsaniiru. Dargaggoonni argannoo haaraa akka maddisiisan haalli mijataa paarkicha keessatti uumame biyyoota biroof fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, wiirtuun daataa kun dandeettii Afrikaan daataa mataa ishee ofumaan bulchuu akka qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsuun, muuxannoo teeknooloojii Itiyoophiyaa irraa barachuun Laayibeeriyaan wiirtuu kuusaa daataa mataa ishee ijaaruuf fedhii akka qabdu mirkaneessaniiru. Daawwannaan kun hariiroo seenaa biyyoota Afrikaa durii lamaan gidduu jiru gara walta’iinsa dinagdee fi teeknooloojii qabatamaatti kan jijjiiru ta’uun ibsaniiru. Jilli Pirezidaantii Laayibeeriyaa Jooseef Niyuumaa Boo’akaayiin durfamu kaleessa galgala daawwannaa hojiif Finfinnee akka gale ni beekama. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Laayibeeriyaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan simannaa taasisaniiruufi. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Leenjiin 'Koodarsii' tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gargaare
Apr 14, 2026 176
Eebila 06/2018 (ENA): Hojjettoonni mootummaa Jimmaa Leenjii 'Koodarsii' fudhatan, tajaajila uummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf isaan gargaaraa akka jiru ibsan. Inisheetiivii Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad kan ta'e leenjiin 'Itiyoo-Kodarsii' namoota miiliyoona 5’f kennamu, Magaalaa Jimmaatti hojjettoota mootummaa dhaabbilee garaagaraa keessa hojjetan biratti kaka'umsa guddaa uumaa jiraachuun hubatameera. Leenjichi dandeettii dijitaalaa hojjettootaa guddissuun, tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsameera. Akka Hojjettoonni jedhanitti, leenjichi hojii isaanii irratti beekumsaa fi dandeettii dabalataa akka horatan isaan gargaareera. FDRItti Hojjettoonni Bulchiinsa Waldaa Inshuraansii Hojjettoota Dhaabbilee Dhuunfaa Damee Jimmaa ta'an, Mihirat Kaasaa fi Qumnagar Warqiyyee, dhaabbatichi tajaajila kompiitaraa fi intarneetii mijataa waan godheef koorsiiwwan garaagaraa fudhachuu isaanii dubbatani. Sagantaa Leenjichaa irraa waraqaa ragaa Idil-Addunyaa argachuu isaanii eeruun, hojjettoonni biroonis carraa kana akka fayyadaman gorsaniiru. Hogganaan waajjira damichaa obbo Masfin Mashashaa gama isaaniitiin, hojjettoota dhaabbatichaa 140 keessaa dhibbeentaa 70 ol ta'an leenjicha fudhachuu isaanii ibsaniiru.   Hojjettoonni hafanis leenjicha akka argatan hojiin hubannoo uumuu fi dhiyeessiin teeknoolojii mijataa akka jiru eeraniiru. Dhaabbata tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa keessatti kan hojjetan Musliimaa Awwalii fi Mahaammad Haaydar, yeroo tajaajilli gara dijitaalaatti jijjiiramaa jiru kana keessatti leenjichi baay'ee barbaachisaa ta'uusaa ibsaniiru. Hojii keenya idilee cinaatti leenjicha fudhachuun keenya, hojii keenya caalatti ariifachiisuu fi babal'isuuf nu gargaaraa jira jedhaniiru.   Itti Aanaan hojii gaggeessaa Giddugalichaa obbo Abdii Salamoon akka ibsanitti, hojjettoota dhaabbatichaa 104 keessaa 80 ol ta'an leenjicha xumuruun waraqaa ragaa fudhataniiru. Leenjichi hojjettoonni tajaajila Hawaasaaf kennan beekumsa irratti kan hundaa'e fi si’ataa akka ta'u gochaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.
Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu dandeettii Kalaqa Barattootaa guddisuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jira
Apr 14, 2026 155
  Eebila 06/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota fedhii teekinooloojii fi kalaqaa qaban bu’aa gaariif akka ga’an gochuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitichi gidduu gala STEM (STEM Center) waliin ta’uun agarsiisa qopheesserratti, Barattoonni Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaa Magaala Roobee damee Saayinsii, Teeknooloojii, Injinariingii fi Herregaa irratti leenjii fudhatan, hojiilee kalaqaa fi argannoo isaanii dhiheessaa jiru. Saganticharratti kan argaman Itti Aanaan Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa Gargaaraan Piroofeesara Iisaa Hasaan akka jedhanitti, dhaabbatichi Qorannoowwanii fi tajaajiloota fedhii fi rakkoo hawaasa naannichaa bu’uura godhatanirratti hojjachaa jira. Yuunivarsiitichi dhaabbata "STEM Power" waliin ta’uun laaboraatoorii dhaabe rakkoolee damee kanaan mudatan furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru. Laaboraatooriin kun barattoonni barnoota baratan (theory) baratan qabatamaan akka shaakalan gochuudhaan, dhaloota rakkoo biyyaa fi naannoo furuu danda’an uumuuf gargaaraa jiraachuu eeraniiru. Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Roobee obbo Jamaal Abbaagaroo gamasaaniin, agarsiisichi dhaloota bakka bu’aa ta’eef dandeettii kalaqaasaanii akka gabbifatan haala mijeessuusaa dubbataniiru. Hojii gaggeessaan oppereeshinii "STEM Power" Itiyoophiyaa obbo Anteneeh Fissahaa, tarsiimoo dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa biyyaatti damee saayinsii fi teeknooloojii irratti jijjiiramni jajjabeessaan mul’achaa jiraachuu ibsaniiru. Agarsiisichi fedhii barattootaa guddisuurra darbee, milkaa’ina " Dijitaala Itiyoophiyaa 2030"f gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Barattoonni agarsiisicharratti hirmaatan, Meeshaalee Naannosaanii jiran fayyadamuun,Teeknooloojii rakkoo furuu danda’an bocuun dhiheessaniiru. Waltajjichi dandeettii kalaqaa barattootaa guddisuuf kaka’umsa kan isaanitti hore ta’uu barattoonni hirmaatan ibsaniiru.
Ispoortii
Dorgommii atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu
Apr 18, 2026 72
Ebla 10 /2018 (ENA)- Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriiksi dorgommiin guyyaa tokkoo har’a Isstaadiyoomii Finfinneetti ni gaggeeffama. Itiyoophiyaan seenaasheetiin yeroo jalqabaaf dorgommii atileetiksii idli addunyaa keessummeessuuf carraa kan argatte Guraandhala 2018dha. Barreessaan olaanaa dorgommii atileetiksii addunyaa Piirsi Oklagan jalqaba baatii Guraandhalaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii giyyaa lamaa taasisuunsaanii kan yaadatamudha. Yeroo kanatti Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil addunyaa qopheesuuf humna ga’aa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan garagaraa gara Itiyoophiyaa akka dhufan ni goona jechuunsaanii ni yaadatama. Haaluma Kanaan dorgommiin atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu sagantaa dorgommii atileetiksii addunyaa kan wagga keessatti hammatameera. Mootummaan dorgommii seena qabeessa kanaaf qophii barbaachisu taasiseera. Dorgommiin har’a gaggeeffamu kun atileetonni Itiyoophiyaa qofti kan itti hirmaatanii fi atileetonni idil addunyaa kan uttu hirmaatan jechuun bakka lamatti qoodameera. Atileetota beekamoo dorgomicharratti hirmatan keessaa lammiin Ameerikaa Gaabii Toomaas fi lammiin Keeniyaa Fardiinaandi Omaniiyalaa keessatti argamu. Atileetonni Afriikaa, Awurooppaa, Isiyaa fi Ameerika Kaabaa dabalatee ardiiwwan garagaraarraa walitti dhufan 70 ol dorgommicharratti nihirmaatu. Atiileetonni kunneen walakkaa torbee kanarraa eegaluun Istaadiyoomii Finfinneetti shaakalaa turaniiru. Haarmosi Istaadiyoomii Finfinnee xumuramee dorgommiin qophii taasifameera. Dorgommiin kun teeknooloojiin deeggaramee kallattiin (Live Stream) ni tamsaasama. Kun ammoo maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuu fi tuurizimii Ispoortii guddisuuf faayidaa guddaa akka qabaatu ni eegama. Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriin Finfinnee sadarkaan Naasaa kan kennameefidha.
Naannichatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira
Apr 17, 2026 679
Eebila 9/2018 (ENA) : Naannoo Hararii keessatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii. Dorgommiin Liigii Manneen Barnootaa naannoo Hararii fi Ispoortii Barsiisotaa 2ffaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii mata duree "Dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf" jedhuun eegalameera.   Akka Bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii sirna baniinsa dorgommii kanaa irratti argamaniii dubbatanitti, barattoonni har'aa egeree Itiyoophiyaa kan bakka bu’u isin jedhani. Dhaloonni qaamaaf sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf shoora inni qabu olaanaa waan ta’eef dhaloonni ammaa kuni dubbisuu,qorachuufi biyyaa fi maatii isaaf gaachana ta’uu qaba jedhaniiru. Barattoonni miidiyaa hawaasaatiin hoogganamuu osoo hin taane, naamusaan qajeelaa ta’anii miidiyaa hawaasaa hoogganuu akka qabanis dubbataniiru. Ispoortiin hiriyummaa, tokkummaa fi nagaaf iddoo guddaa waan qabuuf dorgommii kana irratti ciminaan dorgomanii haala ispoortii fakkaatuun ga’umsa agarsiisuu qabu jedhan.   Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoo gama isaaniin akka himanitti, har’a Eebila 9, 2018 irraa eegalee torban afuriif kan turu dorgommii kanarratti manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa naannichaa hundi ni hirmaatu jedhani.   Dorgommiin kun dhaloota fayyaa fi sochiin gahoome manneen barnootaa keessatti uumuuf kutannoo qabnu kan argisiisnudha jedhani. Walitti dhufeenya barattootaa fi barsiisotaa cimsuu fi atileetota naannoo oomishuuf kaayyeffatee kan qophaa’e ta’uus himaniiru. Sagantaa jalqabsiisa dorgommii kanaa irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, barattoonni manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa naannichaa, barsiisotaa fi ogeeyyiin ispoortii hirmaataniiru.   Dorgommiin kun har'a magaalattii Istaadiyeemii Imaam Ahmaditti eegale. Fiigicha meetira 100 barsiisotaa irratti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Abaadir injifateera. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Seenaa Shampiyoona fiigicha tarkaanfii Addunyaa keessatti Itiyoophiyaaf medaalii jalqabaa argamsiise
Apr 13, 2026 256
Eebila 05/2018 (ENA): Shaampiyoona tarkaanfii Atileetiksii Addunyaa 31ffaa Biraazil, Magaalaa Biraaziiliiyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Dorgommiiwwan xumuraa Atileetonni Itiyoophiyaa itti hirmaatan gaggeeffamaniiru. Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii Maaraatoonii walakkaa dhiirotaatiin, Atileeti Misgaanaa Waaqumaa sa’aatii 1 daqiiqaa 27 fi sekondii 33’n sadarkaa 2ffaa bahuun Medaalii Meetii argateera. Atileeti Misgaanaan, Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kana irratti yeroo 6ffaaf hirmaannaa gooteen medaalii jalqabaa argamsiiseera. Atileetiin Xaaliyaanii Firaancheeskoo Foorchuunaatoo sadarkaa 1ffaa baheera. Atileetiin Biraazil Kaayoo Boonfiim immoo sadarkaa 3ffaa qabatee xumureera. Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii dubartoota kiiloomeetira 10 waggaa 20 gadiitiin, Hiwoot Ambaawu daqiiqaa 48 fi sekondii 52’n sadarkaa 9ffaa qabattee xumurteetti. Fageenyichaan yeroo gaarii galmeessifteetti. Atileetiin Chaayinaa Yuutoongi Yaangi sadarkaa 1ffaa baateetti. Akkasumas, Atileetiin Xaaliyaanii Seereenaa Di Faabiyoo sadarkaa 2ffaa, Atileetiin Chaayinaa Liihuwaa Nii sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru. Dorgommii xumuraa kiiloomeetira 10 kan dhiirota waggaa 20 gadiitiin, Abduusalaam Abduulwahab daqiiqaa 42 fi sekondii 21’n sadarkaa 11ffaa qabatee xumureera. Fageenya kanaan yeroo isaa gaarii galmeessiseera. Atileetiin Chaayinaa Huuwaajiyaa Puu sadarkaa 1ffaa bahuun medaaliyaa warqee argateera. Atileetiin Awustiraaliyaa Isaaq Biikiroofti sadarkaa 2ffaa, atileetiin Xaaliyaanii Aleesiyoo Koopoolaa sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru. Itiyoophiyaan dorgommiiwwan xumuraa sadii irratti hirmaattee, medaaliyaa meetii tokko argachuun xumurteetti. Seenaa shaampiyoonaa kana irratti hirmaatte keessatti medaaliyaa jalqabaa argatteetti.
Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a gaggeeffama
Apr 12, 2026 523
Ebla 4/2018 (ENA) - Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a iraazil magaalaa Biraaziliyaattii gaggeeffama. Shaampiyoonaan kun guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 45 irraa eegalee ni gaggeeffama. Shaampiyoonaa kanarratti atileetonni biyyoota 40 irraa walitti dhufan 333 kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommiin kun tarkaanfii Maaraatoonii, tarkaanfii walakkaa Maaraatoonii fi dorgommiiwwan km. 10 waggaa 20 gadii saala lamaaniinuu of keessaa qaba. Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa kanarratti ni hirmaatti. Olompikii Paarisirratti hirmaatee qabxii quubsaa kan galmeessise atileet Misgaanaa Waaqumaa dorgommii tarkaanfii km. 20 irratti biyyasaa bakka bu’uun ni dorgoma. Dubartootaan ammoo shaampiyoonaa dargaggootaa Afriikaa Angoolaa fi Naayijeeriyaatti gaggeeffamanirratti meedaaliyaa Warqee kan argatte atileet Hiywoot Ambaawu dorgommii km. 10niin biyyashee bakka bu’uun ni dorgomti. Shaampiyoonaa Dirree Dawaa fi Finfinneetti gaggeeffamaniin kan mo’atte atileet Abdusalaam Abdulwahaab dhiiraan km 10niin akka dorgomu ni eegama. Garee jilaa kana adda durummaan kan gaggeessan bakka bu’aan daarektaraa federeeshinichaa obbo Tasfaayee Yifruu garee teeknikaa waliin gara Biraazil deemuunsaanii ni beekama. Dorgommiiwwan atileetiksii tarkaanfii addunyaa shan Itiyoophiyaa Kanaan dura hirmaatteen meedaaliyaa argattee hin beektu. Itiyoophiyaan meedaaliyaa Kanaan yeroo jalqabaaf meedaaliyaa argachuuf atileetonni sadii Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 15, 2026 182
Eebila 07/2018 (ENA): Bulchiinsa Diree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan Fuduraa fi Bosonaa qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa naannichaa beeksise. Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban dhaabbatan Omishtummaa Qonnaa guddisuun hawaasa baadiyaa gargaaramuurraa gara omishtummaatti ceesisaa jiraachuun himameera. Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo,Bosonaa fi Qilleensaatti Daarektarri Misoomaa fi Eegumsa Bosonaa obbo Maasrashaa Yimar ENA’f akka ibsanitti, sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf bulchiinsichatti buufataalee biqiltuu 20 ol ta’anitti biqiltuuwwan adda addaa qulqullinaan qophaa’aa jiru jedhani.   Biiroo Qonnaa, Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii waliin qindoomuun biqiltuuwwan muduraa, bosonaa fi miidhaginaa biqilchuun dhaabbiif qophaa’aa jiraachuu obbo Maasrashaan ibsaniiru. Biqiltuuwwan Ganna bara kanaa dhaabbatan keessaa dhibbentaa 60 kan ta’an biqiltuuwwan garaa garaa haala ikkooloojii fi qilleensaa Dirree Dhawaa waliin kan wal simatan ta’uusaanii dubbataniiru. Bulchiinsichatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darban dhaabbatan keessaa dhibbeentaan 80 ol qabachuun, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf haala mijataa uumuurra darbee sagantaa Maaddii Guutuu bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. Abbaa Taayitichatti dursaan garee Misooma Bosonaa obbo Maammush Zoodee gamasaaniin, duula Ashaaraa magariisaa waggoottan torban darbaniin biqiltuuwan dhaabaman gammoojjummaa Dirree Dhawaa jijjiiruun lolaaf saaxilamuu magaalittii jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa gandoota baadiyaatti biqiltuuwwan kanneen akka Loomii, Paappaayyaa, Burtukaanaa fi kanneen biroon dhaabaman galii qonnaan bulaa dabaluunii fi carraa hojii dargaggootaa uumuun bu’aa qabatamaa argamsiisaniiru jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17281
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2660
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015