ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 179
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru. Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa misooma qarqara laggeenii waliin walqabsiisuun haala dhaloota boruu giddu galeeffateen hojii irra ni oola - Pireezidantii Ordiin Badrii
Jun 20, 2026 125
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa misooma qarqara laggeenii waliin walqabsiisuun dhaloota boruu haala gidduugaleeffateen hojii irra oolchuuf akka hojjetamu Pirezidantii Naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Pirezidantiin naannichaa hojiiwwan sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiin naannichatti raawwataman irra deddeemanii daawwataniiru. Daawwannaa boodas, Pirezidantii Ordiin naannichatti biqiltuuwwan adda addaa kanneen firii fi mukeen bosonaa miiliyoona 1 tuqaa7 ol ta’an dhaabbiif qophaa’uu isaanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman kunniinis wabii nyaataa mirkaneessuuf kan gargaaranii fi nyaata beeyladaatiif kan oolan ta’uu isaaniis dubbataniiru. Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaa Misooma qarqara laggeenii waliin walqabsiisuun dhaloota dhufu haala gidduugaleeffateen hojii irra oolchuuf akka hojjetamuus ibsaniiru
Yunivarsiitiin Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa barattoota kuma 1 fi 387 eebbisiisaa jira
Jun 20, 2026 177
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Yunivarsiitiin Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa barattoota kaadhimamtoota eebbifamtootaa 2018 sagantaalee barnootaa garagaraatiin hordofaa turan eebbisiisaa jira. Itti aanaan ministira muummee FDRI Tamasgeen Xurunaa, ministirri industirii fi walitti qabaan boordii Yunivarsiitichaa Malaakuu Allabal, af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abduraahimaan dabalatee hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo, hoggantoonni Yunivarsiitichaa akkasumas maatiin eebbifamtootaa fi keessummoonni waamaman sirna eebbaarratti argamaniiru. Barattoonni Yunivarsiitichi har’a eebbisiisu digirii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaa(PhD) akkasumas sagantaalee biroon barachaa kan turan barattoota kuma 1 fi 387 dha.
Hawaasni Cinaa fi naannawasaa nagaasaa eegsifachaa gootummaasaa barame cimsee itti fufsiisuu qaba
Jun 20, 2026 128
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Hawaasni Cinaa fi naannawasaa nagaasaa eegsifachaa gootummaasaa barame cimsee itti fufsiisuu akka qabu hogganaan olaanaa qajeelcha siistama quunnamtii fi infoormeeshinii ittisaa letenaal jeneraal Massalaa Masarat ibsan. Raayyaan ittisaa koorii Makataa 403ffaan kan itti hundeeffame ayyaana wagga 4ffaa sagantaawwan garagaraan kabajaa jira. Kooriin kun buufata fayyaa yaadannoo wareegamtoota Cinaa ganda Cinaatti ijaarsise eebbisiiseera. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara bulchiinsaa naannoo Amaaraa Dr. Amaanu’eel Farradaa, ajajaan olaanaa koorii makataa 403ffaa Birgaader Jeneraal Azzazawu Mokonnon, bulchaan godina Gondar Kaabaa Daaqon Shaggaawu Wubee fi qondaaltonni waraanaa biroonii fi jiraattonni naannawaa saganticharratti argamaniiru. Buufanni fayyaa kun yeroo waraana Kaabaa baatii Hagayyaa bara 2013 tokkummaa fi kabaja biyyaa eegsisuuf ganda Cinaa fi naannawasaatti gootummaan kan wareegaman miseensota raayyaa, humnoota nageenyaa fi hawaasa siviiliif yaadannoo barabaraa akka ta’u kan ijaaramedha. Buufanni fayyaa kun kutaalee hawaasaa kuma 10caalaniif akaakuuwwan tajaajila fayyaa 10 caalu kan kennu yoo ta’u jiraattota naannawaaf tajaajila fayyaa sadarkaasaa eeggate kennuun bu’aa bayii ni hambisa. Garee badiinsaa ABUT duraatiin kanneen gara jabummaan dhumanii fi biyya baraaruuf kan wareegaman raayyaa ittisaa fi humnoota nageenyaa biroof golambaa dhaabbataa ta’eetu tajaajila. Hogganaan olaanaa qajeelcha siistama quunnamtii fi infoormeeshinii ittisaa letenaal jeneraal Massalaa Masarat yeroo eebbaatti dubbii dubbataniin, ummanni Daabaatii fi Dabaarqi goota raayyaa ittisaa cinaa goruudhaan garee badiinsaa qolachuudhaan biyya diigamuurraa kan baraare ta’uusaa dubbataniiru. Murni ABUT duraanii biyya diiguuf abjootee kutaalee waraanaa lafoo 10 fi kutaa waraanaa komaandoo tokko hiriirsuun hiriirsee dhufus tumsa gooticha raayyaa ittisaa, humnoota nageenyaa naannolee garagaraatiin akkasumas ummata Daabaatii fi Dabaarqi jaalala biyyaa qabuun Cinaarratti abjuunsaa abjuu ta’ee hafuusaa ibsaniiru. Gareen kun yeroo sanatti yeroo callisaa mootummaan ummata Tigraayiif kennetti gargaaramee biyya diiguuf yaalus raayyaan ittisa har’as taanaan gootummaan mo’achuu amalasaa waan ta’eef diina rukutee deebisuusaa mirkaneesseera. Buufanni fayyaa yaadannoo wareegamtoota Cinaa miseensota hawaasa siviilii fi humnota nageenyaa biyyasaaniif jecha gara jabummaan kan lubbuusaanii kan dhabaniif yaadannoo barabaraa ta’uusaa hubachiisaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisan
Jun 20, 2026 156
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisaniiru. Ministirri muummee appilkeeshinii kana yaa’ii mata duree “ga'ooma dijitaalaa” jedhuun qophaa’erratti argamuun eebbisuusaanii ibsaniiru. Appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhaniiru. Bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Hundaa ol mul’anni Itiyoophiyaa fedhii as dhihoo osoo hin taane , dhugaa harkaa fi dandeettii keenyaan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu ragaa qabatamaa akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa fi obboleeyyii keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon akka tarkaanfannun dhaama jedhan ministirri muummee.
Siyaasa
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru wal-hubannoo uumuun tokkummaa kan cimsudha
Jun 20, 2026 711
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hubannoo waloo biyyaalessaa uumuun tokkummaa kan cimsu ta'uu Itiyoophiyaatti bakka bu'aan sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) Saamu'eel Doo ibsan. Komiishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa Adooleessa 8 bara 2018 irraa jalqabee akka gaggeessu beeksiseera. Komiishinichi yaa’ii kana gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoo taasisaa jira. Itiyoophiyaatti Bakka Bu'aan Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Saamu'eel Doo ENA waliin turtii taasisaniin, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa erga hundaa'ee kaasee hojii nama dinqisiisu hojjechuu isaa ibsaniiru. Mariin rakkina bu'uuraa biyya tokko keessatti mul'atu mariidhaan furuun hubannoo waloo biyyaalessaa uumuu kan dandeessisu ta'uu eeraniiru. Adeemsa marii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu milkiin itti fufsiisuuf kutannoo agarsiisaniif mootummaan fi ummanni Itiyoophiyaa akkasumas komiishinichi galata guddaan isaaniif mala jedhaniiru. Muxannoo Laayibeeriyaa dabalatee, Kolombiyaa, Ameerikaa Latiini, Eeshiyaa fi kutaalee Afrikaa adda addaa keessatti mariiwwan biyyaalessaa taasifaman qo'achuu isaanii eeranii; adeemsi marii furmaata filannoo hin qabne ta'uu ibsaniiru. Hojiin akkasii fedhii guddaa, kutannoo ol'aanaa fi waliin gara fuulduraatti deemuuf obsa cimaa kan gaafatu ta'uu hubachiisaniiru. Filannoowwan nagaa fi marii carraa fuulduraa hawaasaa caalaatti kan ifa taasisan ta'uu ibsuun; Itiyoophiyaa saboota baay'ee fi seenaa nama dinqisiisu qabdu keessatti tokkummaa biyyaalessaa fi misooma waaraa caalaatti cimsuuf mariin waliinii murteessaa ta'uu ibsaniiru. Kanaafuu, Itiyoophiyaanonni adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaachuun milkaa'ina isaatiif gahee ijaarsaa taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Rakkoo bulchiinsa gaarii mudatan furuuf mariin hawaasaa gaggeeffame
Jun 19, 2026 1765
Waxabajjii 12/2018 (ENA)-Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti waltajjiin marii hawaasaa rakkoo bulchiinsa gaarii fi kenna tajaajilaan wal qabatanii ka’aa turan furuun Mootummaa fi Ummata gidduutti wal hubannaa gaariin akka jiraatuuf mariin gaggeeffamuu waajjirri komunikeeshinii kutaa magaalichaa beeeksise. Waltajjicha irratti kan argaman Itti Aanaan Bulchaa Kutaa Magaalichaa Obbo Haacaaluu Lachiisaa Mootummaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf imaammataa fi tarsiimoowwan garaagaraa baasuun hojjechaa jira jedhaniiru. Waltajjii fuulaa fi fuulaatiin komataafi komatamaa walitti fiduun rakkooleen jiran furmaata waarawaa ta'e akka argatan taasifamaa jiraachuu himuun, gaaffilee fi komiilee hawaasaa hiikuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu himaniiru. Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Magaalichaatti Itti Gaafatamaan Siyaasaa obbo Wanduu Nagaash Mootummaan rakkoolee Kenna tajaajilaafi Bulchiinsa gaarii sadarkaan jiran hiikuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasni tajaajila argachuu qabu karaa guutuu akka argatu taasisuuf hojjechuun murteessaa ta'uu himuun, rakkoo bishaan dhugaatii akka Kutaa Magaalichaatti jiru hiikuuf hawaasa waliin qindoomuun kan hojjetan ta'uu himaniiru. Rakkooleen Kenna tajaajilaa fi Bulchiinsa gaarii sadarkaan jiran akka furamaniif waltajjii fuulaa fi fuulaatiin komataa fi komatamaa walitti fiduun wal hubannaan gaarii fi kallattiin furmaataa akka jiraatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Waajjira Komunikeshinii Kutaa Magaalichaa Daraartuu Kabbadaa ibsaniiru. Kanaaf guyyaa har’aa rakkoo bishaan dhugaatii jiru furuuf Komataa fi komatamaa walitti fiduun iftoomina uumuufi hawaasa keenyaaf furmaata kennuuf waltajjiin fuulaa fi fuulaa kun kan qophaa'e ta’uu ibsaniiru. Hirmaattonni Waltajjichaa tokko tokkos rakkoon bishaan dhugaatii isaan muudachaa jiraachuu himuun, Mootummaan rakkoo kanaaf furmaata akka isaaniif kennu gaafataniiru. Waltajjicha irratti qooda fudhattoonni garaagaraa komii rakkoo bishaan dhugaatii sadarkaan jiran furuuf qindoominaan kan hojjetan ta'uu himaniiru. Waajjira koomunikeeshinii Kutaa magaalichaarraa
Mariisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaaf leenjiin hubannoo fi ogummaa kennamuu eegale
Jun 18, 2026 1797
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa marisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaatiif leenjii hubannoo fi ogummaa kennuu eegaleera. Leenjiin mariisistootaaf kennamu kun Finfinneetti gaggeeffamaa jiru kun Waxabajjii 11 hanga 17, 2018tti guyyoota torbaaf akka turu gabaafameera. Baniinsa leenjichaa irratti argamuun akka ibsanitti Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa sagantaan leenjii kun imala Itiyoophiyaan garaagarummaa jiru mariin, iftoominaa fi waliigalteen itti furamu ijaaruuf taasiftuuf milkaa’ina guddaa fi boqonnaa biraati jedhani. Mariisistoonni itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa kana amanamummaadhaan kan baatan imaanaa ta’uu hubachiisuun, namoota seenaa hojjetan waliin ta’uun egeree hawaasummaa, ummataa fi dimokiraatawaa biyyattii ijaaran ta’anii of ilaaluu akka qabanis dhaamaniiru. Leenjiin kun hirmaattonni beekumsa, dandeettii fi duudhaalee marii ulfina lammii Itiyoophiyaa hunda kabaju hoogganuu fi hawwii waloo nagaa, haqaa fi tokkummaa isaanii galmaan ga’uuf isaan dandeessisu akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Hirmaattonni hundinuu yeroo konfiraansii kanaa dubbachuu fi hirmaachuuf carraa walqixa akka argatan gochuu, waliigaltee dhabuu yeroo marii uumamu sirnaan bulchuu, akkasumas mariin kun hubannoo walootti akka geessu karaa agarsiisuutu irraa eegama. Akkasumas hirmaattonni imaanaa sabaa guddaa kana namuusaan, loogii malee fi obsaan akka raawwatan dhaamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuun eegale cimsinee itti fufna - paartilee siyaasaa
Jun 16, 2026 3132
Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Miseensonni mana maree waloo paartilee siyaasaa Naannoo Hararii hojiiwwan misooma biyyaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuu cimsanii akka itti fufan beeksisan. Haalaa bu'ura seeraa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa itti hundaa'een, dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa fi naannoo irratti garaagarummaa jiru mariidhaan furuun, ajandaawwan waloo irratti waliin hojjechuun ijaarsa sirna dimokiraasii ta’ee fudhatama. Haaluma wal fakkaatuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Harariis dhimma misoomaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa irratti ejjennoo waloo calaqqisiisuunsaa, naannichatti aadaa siyaasaa fayyaalessaa fi walitti dhihaatu guddisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf agarsiistuu dha. Miseensota mana maree waloo keessaa bakka bu'aan Dhaabbata Dimookraasii Hararii (HADIID) Obbo Huseen Suleeymaan akka jedhanitti; paartilee gidduu garaagarummaan ilaalchaa yoo jiraates, misooma biyyaa fi naannoo akkasumas nageenyaaf hojiiwwan bifa tumsaatiin raawwatamaa jiran cimsanii akka ittifufan ibsaniiru. Keessattuu, carraaqqii gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii sirrii akka argatuuf tattaaffii taassifamuu fi pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa biroo irratti ejjennoo wal fakkaataa kan qaban ta'uu isaanii Obbo Huseen cimsanii ibsaniiru. Humnoota nageenya biyyaa booressuu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf gurmaa'anii socho'an paartiin isaanii dammaqinnaan hordofaa akka jiru kan eeran Obbo Huseen; humnoota kanneen ummata waliin ta'uun kutannoodhaan akka irratti qabsaa’an beeksisaniiru. Walitti qabaan Mana maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi bakka bu'aan Paartii tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hasannat Mummee gama isaaniitiin paartiin isaanii misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dursa kan kennuu fi gochawwan biyya diiganirratti kan qabsa’anidha. Nagaya fi misooma waaraa biyyaatiif garaagarummaa malee qindoominaan ni hojjanna, kan jedhan Aadde Hasanat, keessattuu hojii humnoota finxaaleyyii kan biyyaaf yaaddoo ta'an manni marichi dammaqinnaan hordofaa fi ejjennootiin kan qabsaoo ta'uusaanii dubbataniiru. Naannichatti paartilee dorgomtoota socho'an waliin walitti dhufuun fi mari'achuun misooma waaraa, nageenyaa fi guddina hunda galeessa naannichaa irratti paartiin isaanii qindoominaan hojjechaa jira kan jedhan immoo miseensa mana maree waloo fi bakka bu'aa EZEMA Maatileet Zawuduu ti. Humnoonni biyya jeequu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf yaalan taateewwan darbe irraa kan hin barannee fi uummataaf kan hin yaadne ta'uu eeruun gocha kana irraa akka of qusatanii fi mariin walitti dhihaatanii dantaa uummataa mirkaneessuuf waliin hojjechuun akka irra jiru dubbataniiru. Naannichatti yeroo kamiyyuu caalaa dameewwan misoomaa adda addaa fi hojiiwwan dantaa biyyaa kabachiisan irratti garaagarummaa siyaasaa dhiisuun waliin hojjetamaa jira kan jedhan immoo, Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararitti Daarektara Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Hasan Abdiiti. Misoomaa fi nageenya naannichaa mirkaneessuun biyyattii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf hojii eegalame cimsanii akka itti fufanis dabalanii ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti hidhattoonni duraanii karaa nagaatti deebi’an ajandaasaanii komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kennan
Jun 16, 2026 2091
Waxabajjii 9/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti hidhattoonni duraanii karaa nagaatti deebi’an ajandaasaanii komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kennan. Hidhattoonni naannoo Oromiyaatti karaa nagaatti deebi’an waltajjii yaa’ii marii biyyaalessaa ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota fo’achuu guyyoota lamaaf magaalaa Adaamaatti gaggeessaniiru. Hidhattonni duraanii hedduun karaa nagaatti deebi’an waltajjii ajandaa walitti qabuurratti argamaniiru. Hidhattoonni duraanii itti aantuu komishinata muummee marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hiirut G/Sillaaseef ajandaasaanii kennaniiru.
Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu dha
Jun 15, 2026 3295
Waxabajjii 8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu ta'uu Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ibsan. Itiyoophiyaan caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa dhabileen Ardii fi Riijinii kanneen akka Gamtaa Afriikaa (AU) fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannoo walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa mirkaneessan gaggeessuun ishee ni yaadatama. Tajjabdoonni biyya keessaas filannoo kanaan keessatti kan hirmaatan yoo ta'u, mana maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa dhaabbilee 55 of keessatti qabatu, filannoon walii galaa 7ffaan hirmaachisaa, walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa taajjabuusaanii ibseera. Boordiin Filannoo biyyaalessa Itiyoophiyaa, dhaabbileen nageenyaa, haqaa fi dimookiraasii filannichi loogiirraa bilisaa fi dandeettii dhaabbataan/gahumsa/ akka gaggeeffamu gochuu isaanii taajjabuu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ENA waliin turtii taasisaniin, Ummatni fi Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo guutuu milkaa'aa ta'e gaggeessuu isaanii ibsaniiru. Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad filannoon dura filannoo hirmaachisaa ta'e gaggeessuuf haala waadaa galaniin, mootummaan dimokiraasummaa filannichaaf qophii duraa irraa kaasee haala mijeessuusaa dinqisiifataniiru. Filannicha Itiyoophiyaanonni hedduun sagalee isaanii kan kennan, hirmaannaa ho’aan dubartootaa fi dargaggootaa kan itti mul'ate ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen akka Gamtaa Afriikaa fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannichi nageenyaa fi haqa qabeessa ta'uu mirkaneessuun isaanii dimokiraatawaa ta'uu isaa kan agarsiisu ta’uu raajeffachuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan galmee kaadhimamtootaa fi filattootaa irraa kaasee teknoolojiidhaan deeggaramee, filannoo walaba, nagayaafi dimokiraatawaa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuu dandeeyseettijedhaniiru. Dhumarratti Ambaasaddarichi , dhimmi Afriikaa Afriikaanotaan furamuu qaba, jechuun kanaafis, filannoo Itiyoophiyaa keessatti taajjabdoonni Gamtaa Afriikaa fi IGAD bobba'uun isaanii agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu qaroominaati dha- Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Jun 15, 2026 3061
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu ogummaa qaroominaati jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hidhattoota duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti hidhatanii booda karaa nagaa hawaasatti makaman waliin marii Adaamaatti gaggeessaa jira. Haasaa baniinsaa isaanii keessatti Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa hidhattoonni duraanii nagaaf dursa kennuu fi daandii nagaa filachuun deebi’uu murteessuu isaanii galateeffataniiru. Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun qaroomina ogummaa kan mul’isu ta’uu ibsuun, waliigaltee biyyaalessaa waaraa biyyattii keessatti uumuuf filannoo karaa nagaa ta’uu ibsaniiru. Komishinichi konfiraansii marii biyyaalessaa isa guddaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee akka gaggeessu beeksiseera. Kanaafis konfiraansii marii biyyaalessaa guddichi akka gaggeeffamuuf adeemsa marii hirmaachisaa fi hunda hammatee ajandaa uumuu fi marii hirmaachisaa marsaa adda addaatiin raawwachuun isaa ni beekama. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hirmaannaa Marichaaf Waamicha Dhiyeesse
Jun 15, 2026 2608
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii marii xumuraa Adoolessa 8/ 2018 irraa eegalee kan gaggeeffamuuf lammiileen biyyattii hundi akka isa cinaa dhaabbatuuf waamicha dhiyeesse. Seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo jalqabaatiif komishinichi dhimmoota Itiyoophiyota guutuu Itiyoophiyaa fi biyya alaa jiran dhimmoota wal dhabsiisu irraa walitti qabuun, walii galtee waaraarra gahuuf yaada galtee walitti qabaa turuun isaa ni yaadatama. Ajandaawwan kanneen irratti yaada sadarkaa biyyaatti kan qopheessu Yaa’iin Marii Biyyaalessaas Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuuf qophii xumureera. Kanaaf komishinichi lammiileen Itiyoophiyaa hundi taatee seena qabeessa kana deeggaruun itti gaafatamummaa biyyaalessaa akka bahatan waamicha dhiyeesseera. Komishinichi bakka bu’oonni hawaasaa fi qooda fudhattoonni filataman walgahii milkaa’aa fi bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuuf qophii barbaachisu hunda akka taasisanis dhaameera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Hawaasummaa
Yunivarsiitiin Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa barattoota kuma 1 fi 387 eebbisiisaa jira
Jun 20, 2026 177
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Yunivarsiitiin Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa barattoota kaadhimamtoota eebbifamtootaa 2018 sagantaalee barnootaa garagaraatiin hordofaa turan eebbisiisaa jira. Itti aanaan ministira muummee FDRI Tamasgeen Xurunaa, ministirri industirii fi walitti qabaan boordii Yunivarsiitichaa Malaakuu Allabal, af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abduraahimaan dabalatee hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo, hoggantoonni Yunivarsiitichaa akkasumas maatiin eebbifamtootaa fi keessummoonni waamaman sirna eebbaarratti argamaniiru. Barattoonni Yunivarsiitichi har’a eebbisiisu digirii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaa(PhD) akkasumas sagantaalee biroon barachaa kan turan barattoota kuma 1 fi 387 dha.
Hawaasni Cinaa fi naannawasaa nagaasaa eegsifachaa gootummaasaa barame cimsee itti fufsiisuu qaba
Jun 20, 2026 128
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Hawaasni Cinaa fi naannawasaa nagaasaa eegsifachaa gootummaasaa barame cimsee itti fufsiisuu akka qabu hogganaan olaanaa qajeelcha siistama quunnamtii fi infoormeeshinii ittisaa letenaal jeneraal Massalaa Masarat ibsan. Raayyaan ittisaa koorii Makataa 403ffaan kan itti hundeeffame ayyaana wagga 4ffaa sagantaawwan garagaraan kabajaa jira. Kooriin kun buufata fayyaa yaadannoo wareegamtoota Cinaa ganda Cinaatti ijaarsise eebbisiiseera. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara bulchiinsaa naannoo Amaaraa Dr. Amaanu’eel Farradaa, ajajaan olaanaa koorii makataa 403ffaa Birgaader Jeneraal Azzazawu Mokonnon, bulchaan godina Gondar Kaabaa Daaqon Shaggaawu Wubee fi qondaaltonni waraanaa biroonii fi jiraattonni naannawaa saganticharratti argamaniiru. Buufanni fayyaa kun yeroo waraana Kaabaa baatii Hagayyaa bara 2013 tokkummaa fi kabaja biyyaa eegsisuuf ganda Cinaa fi naannawasaatti gootummaan kan wareegaman miseensota raayyaa, humnoota nageenyaa fi hawaasa siviiliif yaadannoo barabaraa akka ta’u kan ijaaramedha. Buufanni fayyaa kun kutaalee hawaasaa kuma 10caalaniif akaakuuwwan tajaajila fayyaa 10 caalu kan kennu yoo ta’u jiraattota naannawaaf tajaajila fayyaa sadarkaasaa eeggate kennuun bu’aa bayii ni hambisa. Garee badiinsaa ABUT duraatiin kanneen gara jabummaan dhumanii fi biyya baraaruuf kan wareegaman raayyaa ittisaa fi humnoota nageenyaa biroof golambaa dhaabbataa ta’eetu tajaajila. Hogganaan olaanaa qajeelcha siistama quunnamtii fi infoormeeshinii ittisaa letenaal jeneraal Massalaa Masarat yeroo eebbaatti dubbii dubbataniin, ummanni Daabaatii fi Dabaarqi goota raayyaa ittisaa cinaa goruudhaan garee badiinsaa qolachuudhaan biyya diigamuurraa kan baraare ta’uusaa dubbataniiru. Murni ABUT duraanii biyya diiguuf abjootee kutaalee waraanaa lafoo 10 fi kutaa waraanaa komaandoo tokko hiriirsuun hiriirsee dhufus tumsa gooticha raayyaa ittisaa, humnoota nageenyaa naannolee garagaraatiin akkasumas ummata Daabaatii fi Dabaarqi jaalala biyyaa qabuun Cinaarratti abjuunsaa abjuu ta’ee hafuusaa ibsaniiru. Gareen kun yeroo sanatti yeroo callisaa mootummaan ummata Tigraayiif kennetti gargaaramee biyya diiguuf yaalus raayyaan ittisa har’as taanaan gootummaan mo’achuu amalasaa waan ta’eef diina rukutee deebisuusaa mirkaneesseera. Buufanni fayyaa yaadannoo wareegamtoota Cinaa miseensota hawaasa siviilii fi humnota nageenyaa biyyasaaniif jecha gara jabummaan kan lubbuusaanii kan dhabaniif yaadannoo barabaraa ta’uusaa hubachiisaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee sosochii qulqullinaa tola ooltummaa gannaa eegalchiisan
Jun 20, 2026 83
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee sosochii qulqullinaa tola ooltummaa gannaa eegalchiisaniiru. Kantiibaa Adaanech yeroo kana ergaa dabarsaniin, safartuun sadarkaa Idil- addunyaa guddina magaalaa tokkoo qulqullina, miidhaginaa fi magariisummaadha jedhaniiru. Magaalaa Miidhagaa, qulqulluu fi magariisa uumuuf ummata keenyaa fi qooda fudhattoota kutannoodhaan hirmaachisuu dandeenyeera, sadarkaa Afriikaatti magaalota qulqulluu 10 keessaa tokko akka taatu kan goones hirmaannaa ummataa fi hojii bu’a qabeessaatiini jechuun ibsaniiru. Kanaan dura Finfinneen hanqina qulqullinaa fi miidhaginaatiin akkasumas magariisa ta’uu dhabuun komatamaa akka ture yaadachiisanii, hojiiwwan qindaa’aa fi walitti fufaa hojjetameen bifni kun maqfamuu dubbataniiru. “Qulqullinni hojii fi aadaa yeroo hundaa ta’uu qaba” kan jedhan kantiibaa Adaanech, qulqullinni jireenya keenya waliin kan walitti hidhate ta’uusaa bakka hundatti mirkaneessuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Qulqullinni manarraa akka eegalu eeruun, jiraattonni hundi hojii kana naannawaa fi dhaabbatasaa keessatti aadeffachuu akka qabu hubachiisaniiru. Kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin, dhimmi kun guutummaatti aadaa keenya amma ta’utti , aara galfii malee hojjechuu, yeroo hunda hordoffii gochuu fi hundi keenya ambaasaaddara qulqullinaa ta’uu qabna jedhaniiru.
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru wal-hubannoo uumuun tokkummaa kan cimsudha.
Jun 19, 2026 1052
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hubannoo waloo biyyaalessaa uumuun tokkummaa kan cimsu ta'uu Itiyoophiyaatti bakka bu'aan sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) Saamu'eel Doo ibsan. Komiishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa Adooleessa 8,bara 2018 irraa jalqabee akka gaggeessu beeksiseera. Komiishinichi yaa’ii kana gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoo taasisaa jira. Itiyoophiyaatti Bakka Bu'aan Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Saamu'eel Doo ENA waliin turtii taasisaniin, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa erga hundaa'ee kaasee hojii nama dinqisiisu hojjechuu isaa ibsaniiru. Mariin rakkina bu'uuraa biyya tokko keessatti mul'atu mariidhaan furuun hubannoo waloo biyyaalessaa uumuu kan dandeessisu ta'uu eeraniiru. Adeemsa marii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu milkiin itti fufsiisuuf kutannoo agarsiisaniif mootummaan fi ummanni Itiyoophiyaa akkasumas komiishinichi galata guddaan isaaniif mala jedhaniiru. Muxannoo Laayibeeriyaa dabalatee, Kolombiyaa, Ameerikaa Latiini, Eeshiyaa fi kutaalee Afrikaa adda addaa keessatti mariiwwan biyyaalessaa taasifaman qo'achuu isaanii eeranii; adeemsi marii furmaata filannoo hin qabne ta'uu ibsaniiru. Hojiin akkasii fedhii guddaa, kutannoo ol'aanaa fi waliin gara fuulduraatti deemuuf obsa cimaa kan gaafatu ta'uu hubachiisaniiru. Filannoowwan nagaa fi marii carraa fuulduraa hawaasaa caalaatti kan ifa taasisan ta'uu ibsuun; Itiyoophiyaa saboota baay'ee fi seenaa nama dinqisiisu qabdu keessatti tokkummaa biyyaalessaa fi misooma waaraa caalaatti cimsuuf mariin waliinii murteessaa ta'uu ibsaniiru. Kanaafuu, Itiyoophiyaanonni adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaachuun milkaa'ina isaatiif gahee ijaarsaa taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Diinagdee
Dandeettii dorgommii Invastimantii mirkaneessuuf hoggansi haala qabatamaa hubachuun tattaaffiisaa cimsuu qaba
Jun 20, 2026 116
Waxabajjii 13/2018 (ENA)-Hojmaata barame hordofuun dandeettii dorgommii invastimantii mirkaneessuun waan hin danda’amneef hoggansi haala qabatamaa sirriitti hubachuun tattaaffiisaa cimsuu qaba jedhan pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dubbatan. Gareen hoggantoota olaanoo federaalaa fi naannoo pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu zoonii dinagdee addaa Gadaa daawwateera. Pirezidaanti Shimallis yeroo kana akka jedhanitti, hojmaata barame hordofuun dandeettii dorgommii Invastimantii mirkaneessuun waan hin danda’amneef hoggansi jijjiiramaa haala qabatamaa jiru dursee hubachuudhaan tarsiimoo bocee hojjechuu qaba. Zooniin dinagdee addaa Gadaas kana ka’umsa godhachuun hojjechaa jiraachuu eeranii, yeroo ammaa invastimantii garagaraa keessa galuusaa ibsaniiru. Zooniin dinagdee addaa Gadaa kaayyoo cehumsa caasaa dinagdee milkeessuun gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu ta’uu dubbataniiru. Zooniin dinagdee addaa boqonnaa qophii bu’ura misoomaa keessa darbee bakka kaappitaalli, omishtummaa fi magaalummaan itti arganii fi kaayyoo waloosaanii kan itti cimsan ta’uu dubbataniiru. Sochii amma ammaatti jiruun dameeleen daldalaa fi lojistiksii, oomisha qonnaa qiqindeessuun, Maanuufaakchariingiin, albuudaa, tajaajilaa fi kanneen biroo zoonicha keessatti hojjechaa jiru jedhan. Dureeyyota Itiyoophiyaa dabalatee Invastaroonni Chaayinaa. Ameerikaa, Emereetota Araba Gamtoomnii, Hoolandi Xaaliyaanii fi invastaroonni biyyoota biroo hojii kanarra akka jiran kaasaniiru. Mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfiiwwan tarsiimawaa cehumsa caasaa dinagdee mirkaneessan cimsuudhaan, dorgommii sadarkaa idil addunyaa caalaatti kan guddisu ta’a jedhaniiru. Gorsaan dinagdee gooroo ministira muummee ambaasaaddar Girmaa Birruu, bulchaan baankii biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takkaaliny, komishinariin komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen fi hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Pirojektii buufata Xiyyaaraa Bishooftuu – Boqonnaa milkaa’inaa Itiyoophiyaa isa haaraa keessaa isa tokko
Jun 20, 2026 150
Waggoottan darban fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessuudhaan akkasumas dhaabbilee cimaa gama ijaaruutiin hojiileen ijoon biyyattii ol kaasan raawwatamaniiru. Dhaabbilee milkaa’inni keessatti galmaa’an keessaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa isa tokkodha. Dhaabbatichi dameewan hundaan humnasaa guddifachaa jira. Kanaaf ammo ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu ragaadha. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Amajjii 2 bara 2018 ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu yeroo jalqabsiisan dooniiwwan samiirra balali’aniif akka buufataatti tajaajila, Kunis cabinsa sirna loojistiksii Itiyoophiyaa bara dheeraaf deebii kan ta’udha jechuunsaanii ni yaadatama. Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu agarsiiftuu guddina Aviyeeshinii Afriikaa fi fakkeenya guddaa akka ta’u eegama. Pirojektiin kun Itiyoophiyaa Aviyeeshinii addunyaa adda duree ta’an keessaa tokko kan isa taasisu yoo ta’u, dandeettii dorgommii idil addunyaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa baay’ee guddisa. Seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misooma Aviyeeshinii isa guddaa waan ta’eef Itiyoophiyaan dandeettii damee geejjiba qilleensaatiin qabdu caalaatti beeksisa. Buufanni Xiyyaaraa kun biyyattii hojiirra oolmaa riijinii daldala bilisaa Afriikaa (AfCFTA) si’achiisuu fi walitti hidhamiinsa daldalaa fi dinagdee cimsuuf qooda ijoo bahata. Magaalaan Erpoortii buufata Xiyyaaraa Kanaan wal qabatee hundeeffamu dameewwan daldalaa, industirii fi Turizimiitiin guddina naannawichaaf gumaacha guddaa kan qabaatu yoo ta’u sochii dinagdee dabalataa ni uuma. Pirojektichi guddaa ta’uunsaa fi faayidaan tarsiimawaa inni qabu invastimantii kallattii alaa (FDI) gara Itiyoophiyaatti hawachuudhaan alattis yeroo ijaaramaa jiruu fi yeroo xumurames tajaajiloota kennamaniin lammiilee biyyattii kumaan lakkaa’amaniif carraa hojii kallattii fi al kallattii ni uumu. Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojiirra kan oole dandeettii pirojektoota jalqabanii xumuruu kan mirkaneessu akka ta’u ni eegama. Itiyoophiyaan pirojektoota meeggaa gurguddoo fi wal xaxaa hooggansa cimaadhaan gaggeessuun yeroo kaa’ameefitti qulqullinaan xumuruun eebbisuun sadarkaa idil addunyaatti raga kan bahameef aadaa hojii biyyaalessaa haaraa uumteetti. Fakkeenyaaf hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha xumuruu, yaadannoo injifannoo Adwaa yeroo gabaabaa keessatti ijaaruu, golambaa Saayinsii,misooma kooriidaraa fi bakkeewwan bashannanaa tuuristootaa ammayyaa qulqullinaan xumuramanii tajaajilaaf ooluunsaanii Itiyoophiyaan yeroo ammaa pirojektoota dinagdeee fi bu’ura misoomaa gurguddoo karoorsuu, gaggeessuu fi yeroo qabameefitti xumuruuf qabatamaan dandeettii qabdu kan agarsiisudha. Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuus imala cichoomaa fi milkaa’inaa sadarkaa olaanaatti kan irra deebi’u ta’a.
Nannichatti dureeyyii damee albuudaarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu ni godhama-Pirezidaanti Ordiin Badrii
Jun 19, 2026 933
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti dureeyyii damee albuudaarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu akka taasifamu Pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Pirezidaantichii fi kaabineensaanii hojiiwwan naannichatti damee albuudaarratti hojjetamaa jiran irra deemanii ilaalaniiru. Pirezidaanti Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, keessumaa qabeenya dilbii Giraanaayitii fi dhakaa nooraa naannichatti argamu faayidaarra oolchuudhaan hojiileen onnachiisoon hojjetamaa jiru. Hojiilee hojjetamaa jiraniinis namoonni hedduun carraa hojii argachuusaanii dubbataniiru. Qabeenya albuudaa sirriitti fayyadamuun faayidaan carraa hojii lammiileef faayidaa olaanaa akka qabu ibsanii, hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufan xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru. Dureeyyii naannichatti albuudaarratti hojjetaman onnachiisuun gamatti, dureeyyii haaraa albuudarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu akka godhamu pirezidaantichi dubbataniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Dirree Dawaatti hojiirra oolaa jiru imala wabii nyaata hawaasaa milkeessaa jira
Jun 19, 2026 485
Waxabajjii 12/2018 (ENA)-Dirree Dawaatti hojiirra oolmaan sagantaa ashaaraa magariisaa imala wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuu keessatti bu'aa qabeessa taasisaa akka jiru Biiroon Qonnaa, Bishaan, Abuudaa fi Innarjii bulchiinsichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa sochii biyyaalessaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf, uwwisa bosonaa guddisuufi lafa miidhame akka dandamatu gochuuti. Sagantaan kun waggoottan muraasa darban keessatti eegumsa naannoo dabalatee, wabii nyaataa mirkaneessuu irratti jijjiirama tarsiimawaa fidaa jira. Bulchiinsi Dirree Dawaa gama isaatiin naannoo qilleensaa walakka-gammoojjii keessatti kan argamu waan taheef, dhiqama biyyee, hanqina roobaa fi saaxilamummaan hongeesaa ol'aanaadha. Qoraatilee uumamaa kana ittisuuf, Biiroon Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Innarjii bulchiinsichaa waggoottan darban keessa sagantaa ashaaraa magariisaa filannoowwan qonnaa fi bishaanii hojii irra oolan waliin qindeessuun geggeessaa tureera. Itti aantuun hogganaa biirichaa Aadde Misraa Abdallaa ENA’f akka himanitti;waggoottan darban keessa sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan dhaabaman oomishaa fi oomishtummaan hawaasaa akka dabalu taasiseera. Keessattuu gandoota baadiyaa bulchiinsichaa keessatti qabeenya uumamaa idilee fi hirmaannaa uummataatiin hojjetaman eegumsa qabeenya uumamaa fi misoomni sululaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuu dandeessiseera jedhaniiru. Kanaanis, mukkeen bosonaa dabalataan biqiltuun muduraa dhaabaman firii kennuu eegaluusaaniin hawaasni baadiyaa galii dabalataa fi nyaata madaalawaa akka argatan dandeessiseera jedhaniiru. Bu’aawwan kana caalaatti guddisuuf sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif biqiltuun miiliyoona 5 buufata biqiltuu 24 keessatti qophaa’uu isaa yaadachiisaniiru. Kanneen keessaa dhibbantaa 40 biqiltuu leemmanaa fi bosonaa yoo ta'an, isaan hafan immoo kanneen nyaataf oolan ta'uu dabalatanii ibsaniiru. Qophiin dhaabbii biqiltuu baranaa kan waggoottan darban irraa adda kan isa taasisu, haala qilleensaa fi haala ikkooloojii naannoo hordofuun kilaastaraatiin kan raawwatamu ta'uusaas beeksisaniiru
Saayinsii fi teeknooloojii
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 179
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru. Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisan
Jun 20, 2026 156
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisaniiru. Ministirri muummee appilkeeshinii kana yaa’ii mata duree “ga'ooma dijitaalaa” jedhuun qophaa’erratti argamuun eebbisuusaanii ibsaniiru. Appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhaniiru. Bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Hundaa ol mul’anni Itiyoophiyaa fedhii as dhihoo osoo hin taane , dhugaa harkaa fi dandeettii keenyaan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu ragaa qabatamaa akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa fi obboleeyyii keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon akka tarkaanfannun dhaama jedhan ministirri muummee.
Workishoppii qorannoo guutuu magaalaa shanaffaan akkaadaamii hoggansa Finfinnee boru gaggeeffama
Jun 19, 2026 1098
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Akaadamii Hoggansa Finfinnee workishooppii qo'annoo fi qorannoo guutuu magaalaa shanaffaa boru, Waxabajjii 13 bara 2018 Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeessu beeksise. Workishoppiin kun mata-duree "Hojiiwwan qorannoo furmaata fidan badhaadhina waliigala magaalaa keenyaatiif" jedhuun akka gaggeeffamus eerameera. Daarektarri Qo'annoo fi Misoomma Akaadamichaa Doktar Abinnat Fullaasaa ibsa gaazzexaa kennaniin; akaadamichi imaammatoota fi tarsiimoowwan misooma magaalattis ta'ee biyyattii hojiirra oolchuuf kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Kanaanis, workishoppiiwwan qorannoo adda addaa gaggeessuun rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa magaalattiis ta'ee biyyattiif furmaata saayinsawaa argamsiisuu kan dandeessisan hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Akaadamichi kanaan dura workishoppiiwwan wal-fakkaatan afur gaggeessuu isaa yaadachuun, waltajjii shanaffaa kana irrattis waraqaawwan qorannoo ja'a kanneen furmaata gama-hedduu magaalattii agarsiisan dhiyaatanii akka mari’atamu beeksisaniiru. Kanaanis, qulqullina kenninsa tajaajilaa fi itti quufinsa maamilaa, deeggarsa intarpiraayizootaaf taasifamu guddina daldalaa irratti gahee inni qabu, akkasumas raawwii hojii fi hojiirra oolmaa sirna hoggansaa kanneen hammatan waraqaawwan qorannoo akka dhiyaatan eeraniiru. Dabalataanis, faayidaa hojiirra oolmaa tajaajila elektirooniksii (E-service) itti-gaafatamummaa irratti qabuu fi gamaggama raawwii damee geejjibaa qorannoowwan ilaallatan akka dhiyaatan ibsaniiru. Workishoppiin kun bu'aawwan qorannoo gaggaarii qaamolee qooda fudhattootaaf dhiheesuun, hojiirra ooluu isaanii mirkaneessuu fi ce’umsa beekumsaa uumuuf kan kaayyeffate ta’uusaa ibsaniiru. Waltajjii kana irratti qondaaltotni ol'aanoon bulchiinsa magaalattii, miseensonni boordii, hayyoonni affeeraman dabalatee dhaabbilee qorannoo fi leenjii akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon akka hirmaatan beeksisaniiru.
Sirni Hojii Onlaayinii Ejansichi eegale kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa kan taasisudha
Jun 19, 2026 809
Waxabajjii 12/2018 (ENA) – Sirni hojii onlaayinii Eejansiin galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa jalqabe tarkaanfii guddaa kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa taasisu ta’uu sadarkaa itti aanaa kantiibaatti Hojii Raawwachiisaan Ol’aanaa Injiinar Wandimmuu Seetaa ibsan . Ejansiin Galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa bifa onlaayinii jiraattonni bakka jiranitti tajaajilamuu danda'an hojii jalqabsiiseera. Injiinar Wandimmuu Seetaa sirna kanarratti akka jedhanitti; tajaajilli onlaayinii kun kenniinsa tajaajilaa gabaabaa fi ifa kan taasisu hojii guddaadha jedhaniiru. Tajaajiloota magaalattii keessatti kennaman si’ataa fi ifa kan taasisan ta’uus eeraniiru. Appilikeeshinichi inistitiyuutii hubannaa namtolchee Itiyoophiyaatiin qophaa'uun isaa kan nama boonsu ta’uusaas eeraniiru. Daarektarri Ol’aanaa Ejansichaa Yooseef Nugusee gamasaaniitiin akka ibsanitti; eejansichi hojmaataa fi sirna riifoormii jalqabe cimsee itti fufeera. Tajaajilli onlaayinii har'a ifatti jalqabame kunis qaama hojii riifoormii kanaa yoo ta'u, kunis kenniinsa tajaajilaa caalaatti saffisaa fi mijataa kan taasisudha jedhaniiru. Kanaanis jiraattonni magaalattii bakka jiran ta'uun, Waraqaa ragaa dhalootaa (Birth Certificate), Tajaajila waraqaa eenyummaa (ID Services) fi Ragaa gaa’ilaa, karaa onlaayiniitiin gaafachuun salphaatti argachuu akka danda'an ibsaniiru. Dabalataanis, appilikeeshiniin onlaayinii haaraan kun sanadoota sobaa fi eenyummeessaa sobaa guutummaatti ittisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru. Walumaagalaan, appilikeeshiniin kun kenna tajaajilaa kan saffisiisu dhaabbata guddaa ta’uu beeksisaniiru.
Ispoortii
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 1413
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti
Jun 15, 2026 1565
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa lammaffaa ramaddii shanaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Kootdivowar Ikuwaadooriin 1 fi 0'n mo’atteetti. Tapha halkan walakkaa Istadiyeemii Fiilaadelfiyaatti taasifameen, taphataan jijjiiramee seene Amaadii Diyaaloo daqiiqaa 90ffaa irratti goolii injifannoo lakkoofsiseera. Biyyi Afriikaa Kootdivowar tapha kanaan carraawwan goolii argamsiisan fooyya'oo ta'an uumtee turte. Ikuwaadoor dambalii kubbaa harka qabaachuu irratti caalmaa haa qabaattu malee, yaalii goolii kallattii isaa eege tokko qofa qofa taasifteetti. Kootdivowaar Waancaa Addunyaa baranaatiin biyya Afriikaa injifannoo galmeessite ishee jalqabaa taateetti. Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni Afriikaa 10 hirmaachaa jiru. Ramaddii Shanaffaa kanaan tapha kaleessa taasifame biraatiin, Jarman Kuraasa’aan 7 fi 1n injifatteetti. Gara fuulduraatti taphni ramaddii Jarmanii fi Kootdivowaar gidduutti taasifamu kan eegamu dha. Ikuwaadoor fi Kuraasaa’oo sagantaa ramaddii lammaffaa kanaan tapha biraa kan taasisan ta'a.
Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan
Jun 15, 2026 1172
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Neezerlaandisii fi Jaappaan lama fi lamaan qixa bahan. Istaadiyaamii Daalaasitti tapha jalqabaa Ramaddii 6ffaa galgala taasifameen,Varjiil VaanDaayik fi Kireesensiyoo Saamarviil Neezerlaandisiitiif galchiiwwan lakkoofsiseera. Keetoo Naakamuraa fi Daachii Kaamaadaa immoo galchiiwwan Jaappaaniif galchaniiru. Galchiin Kaamaadaa daqiiqaa 88ffaa irratti lakkoofsise Jaappaaniin qixa taasiseera. Gooliiwwan afran keessatti galchan, tapha walakkaa lammaffaa keessa sochii gaarii taasifameeni. Biyyoonni lamaan ramaddii 6ffaa keessatti qabxiisaanii jalqabaa argataniiru. Ramaddii kanaan biyyi Siwiidin fi Tuuniziyaa waliin barii sa'aatii 11:00 irratti Istadiyaamii Moontireeyitti tapha isaanii taasisaniiru.
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni dandeettii ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 1923
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa misooma qarqara laggeenii waliin walqabsiisuun haala dhaloota boruu giddu galeeffateen hojii irra ni oola - Pireezidantii Ordiin Badrii
Jun 20, 2026 125
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa misooma qarqara laggeenii waliin walqabsiisuun dhaloota boruu haala gidduugaleeffateen hojii irra oolchuuf akka hojjetamu Pirezidantii Naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Pirezidantiin naannichaa hojiiwwan sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiin naannichatti raawwataman irra deddeemanii daawwataniiru. Daawwannaa boodas, Pirezidantii Ordiin naannichatti biqiltuuwwan adda addaa kanneen firii fi mukeen bosonaa miiliyoona 1 tuqaa7 ol ta’an dhaabbiif qophaa’uu isaanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman kunniinis wabii nyaataa mirkaneessuuf kan gargaaranii fi nyaata beeyladaatiif kan oolan ta’uu isaaniis dubbataniiru. Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaa Misooma qarqara laggeenii waliin walqabsiisuun dhaloota dhufu haala gidduugaleeffateen hojii irra oolchuuf akka hojjetamuus ibsaniiru
Sosochii ashaaraa magariisaa – dippilomaasii ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa adda duree godhe
Jun 19, 2026 736
Sosochiin “ashaaraa magariisaa” Itiyoophiyaan waggoottan darban raawwatte galma biyyaalessaa damdamannaa jijjiirama haala qilleensaa biyyattiin qabate milkeessuurra darbee, Itiyoophiyaan gama dippilomaasii magariisaatiin waltajjii Afriikaa fi idil addunyaarratti adda duree akka taatu godheera. Duulli guddaan eegumsa uumamaa kun madaallii naannawaa biyya keessaa eeguurra darbee, walitti hidhamiinsa dippilomaasii daangaa cehu kan cimsu meeshaa tarsiimawaa amma ta’utti gaheera. Muuxannoon kun kan agarsiisu sosochiin ashaaraa magariisaa sagantaa misooma bosonaa barame qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaan Afriikaa bahaa fi kanaa olittis kan mul’atu jijjiirama haala qilleensaa fi babal’ina gammoojjummaaf furmaata qabatamaa qabattee kan itti dhihaatte ta’uusaati. Sosochiin ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa biyyoonni sosochii ummataatiin biqiltuu dhaabuu fi akka qabatan gochuun raawwii imaammataa milkaa’aa kana muuxannoo kan irraa fudhatanidha. Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin kan biyya keessaan ala Jibutii, Sudaan Kibbaa,Naayijeeriyaa fi Ruwaandaa dabalatee biyyoota Afriikaa biroof biqiltuu ergiteetti. Ashaaraan magariisaa kun miira wal gargaarsaa paan Afriikaa kan agarsiisuu fi dhimmichi ajandaa Adriikaa ta’aa dhufuusaa kan agarsiisu yoo ta’u, Afriikaanonni eegumsa naannootiin tumsa fulla’aa uumuu akka qaban kan hubachiisudha. Ashaaraa magariisaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 eegalameen biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabamaniiru. Ashaaraan magariisaa deebii mandhalee jijjiirama haala qilleensaa Afriikaaf kennaman keessaa isa ijoodha. Baranas sosochii biyyaalessaa biqiltuu biiliyoona saddet dhaabuuf galma qabame milkeessuuf taasifamu irratti Itiyoophiyaan kutaa hawaasaa kamiyyuu keessatti argaman hojiirra oolmaasaaf akka tumsa ministirri muummee dhaamaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jira
Jun 18, 2026 1326
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Dajanee Baqqalaa ENAtti himanitti,sagantaalee Asharaa Magariisaa kanaan dura hojjetamaniin bu’aaleen hedduu argamuu eeruun, jijjiirama qilleensaa ittisuu, biyyee fi bishaan kunuunsuu fi faayidaa dinagdee biroo galmaan ga’amaniiru jedhani. Sagantaan kun omishaafi oomishtummaa guddisuufis gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan. Bara 2015 keessa uwwisni bosona magaalattii dhibbeentaa 11 qofa akka ture eeruun, hojii hawaasa hirmaachisuun hojjetameen amma uwwisni bosona gara dhibbeentaa 21tti ol guddisuun akka danda’ame yaadachiisaniiru. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota fuduraalee haala qilleensa magaalichaaf mijatoo ta’aniif xiyyeeffannaan addaa akka kennames hubachiisaniiru. Haaluma kanaan biqiltuun firii kan akka appilii, avokaadoo, burtukaanaa fi loomii bal’inaan dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru. Walumaagalatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin lafa heektaara kuma 1 fi 200 ol irratti biqiltuu fuduraafi muduraa dhaabuuf hojiin qophii hojjetamaa jira jedhan. Waggoota darbanitti jiraattonni magaalichaa naannoo mana jireenyaa isaaniitti biqiltuu fuduraafi muduraa akka dhaabanii irraa fayyadamoo ta’an leenjiin walitti fufiinsa qabu kennamaa turuus eeraniiru. Yeroo ammaa kana hawaasni mootummaa waliin ta’uun qabiyyee mootummaa fi dhuunfaa irratti, akkasumas naannoo kuduraa fi muduraa fi miidhaginaaf mijatutti boolla dhaabbii qopheessuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira
Jun 17, 2026 1346
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira jedhan hoji gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu. Dhaabbanni Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii waliin ta’uun yeroo ammaa buufata chaarjii konkolaataa elektirikii guddaa Zoonii Diinagdee Addaa Qilinxoo keessatti ijaarame eebbisaa jira. Sagantaa kanarratti De’eetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Bara’oo Hasan, hoji gaggeessaan olaanaa dhaabbata elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramaa fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu buufanni chaarjii konkolaataa elektirikaa kan yeroo isaa eeggatee fi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kunis qaama imaammata diinagdee magariisaa Itiyoophiyaan hordofaa jirtu ta’uu hubachiisaniiru. Daandiin misooma magariisaa Itiyoophiyaa damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argachaa jiraachuus hubachiisaniiru. Kanneen keessaa tokko konkolaattota elektirikaa ta’uu ibsuun, gara fuulduraatti fedhii konkolaattota elektirikaa guutuuf buufataaleen chaarjii babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Buufatni chaarjii konkolaataa elektirikii har’a eebbifame tarkaanfii yeroo murteessaa ta’etti fudhatamedha jedhan. Kunis faalama qilleensaa kan dhabamsiisu ta’uun cinatti faayidaa olaanaa qaba jedhani. Dhaabbileen kunneen walitti dhufeenya cimaa akka qaban ibsuun; waliin hojjechuu isaaniis itti fufuu isaanii mirkaneessaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 5330
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 10282
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.