ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Milkaa’inoota naannichatti damee hundaan argaman ciminaan itti fufuun nibarbaachisa
Jun 9, 2026 12
Waxabajjii 2 /2018 (ENA)-Milkaa’inoota misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa dhamaatii olaanaa fi kutannoo hoggansaatiin argaman cimsuun itti fufsiisuun akka barbaachisu hogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ubsan. Waajjirri paartii badhaadhinaa naannoo Hararii hoggantoota olaanoo fi jiddu galeessaa naannichaa waliin hojiilee itti aanan irratti waltajjii maree gaggeesseera. Paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira paartii naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa hojiileen yeroo darbe dhamaatii olaanaa fi kutannoo hoggansaatiin hojjetamaniin bu’aan olaanaan argamuusaa ibsaniiru. Yeroo itti aanus milkaa’inoota damee misoomaan, bulchiinsa gaariin, nageenyaan, hawaasummaa fi dinagdeen argaman cimsuun itti fufsiisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Waadaa ummataaf galle hojiin mirkaneessuuf hooggansi kutannoo olaanaan hojjechuu qaba jedhaniiru. Demokiraasii dhugaa milkaa’inoota misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa waliin wal bira qabuun badhaadhinai Itiyoophiyaa guutuu ta’e hojiin mirkaneessuun milkaa’ina arganne cimsinee itti fufna jechuun dubbataniiru. Kanaaf ammoo hooggansi miira tajaajilamtummaan guutamee tajaajiluu qaba jedhan. Keessumaa carraa hojii dargaggootaaf uumuu, qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuun hojiilee xiyyeeffannoon hojjetaman akka ta’e eeraniiru.
Naannoo Harari aanaalee baadiyyaatti ijaarsi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa jaha eegalame
Jun 9, 2026 9
Waxabajjii 2/2018 (ENA): Naannoo Harari aanaalee baadiyyaatti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa jaha bajata birrii miiliyoona 52.8’n har’a eegalameera. Ijaarsa manneen barnootaa kan eegalsiisan pireesidaantiin mootummaa naannichaa obbo Ordin Badrii fi hoggantoota seektarichaati. Akka pireesidaantiin mootummaa naannichaa obbo Ordin Badrii himanitti mootummaan naannichaa barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa xiyyeeffannoo kennuun hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jira jedhani. Barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa babal’isuu fi cimsuun qulqullina barnootaa fi ga’umsa barattootaa fooyyessuuf bu’uura ta’uu ibsuun, naannichi gama kanaan bal’inaan hojjechaa jira jedhan Pireesidaanti Ordin Badriin. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa yeroo ammaa aanaalee baadiyyaa naannichaa keessatti ijaaramaa jiran yeroo fi saffisa beellamame keessatti ijaaramanii tajaajilaaf akka gahan ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoo gama isaaniitiin akka himanitti, kanaan duras aanaalee magaalaa fi baadiyyaa naannichaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa ijaaramanii tajaajilaaf gahuu isaanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kana deeggarsa waloo mootummaa naannichaa fi Ministeera Barnootaatiin aanaalee baadiyyaa naannichaa hunda keessatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa jahaa ijaarsisuuf jalqabameera jedhan. Ijaarsi manneen barnootaa ji’a lama keessatti xumuramee bara barnootaa haaraatti tajaajilaaf kan qophaa’u ta’uus ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI
Horsiisee Bultoonni Sanyii Bishingaa hongee dandamachuun omisha gaarii kennan misoomsaa jiru
Jun 9, 2026 88
Waxabajjii 2/2018 (ENA): Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluqitti, horsiisee bultoonni oomisha Arfaasaatiin sanyiiwwan bishingaa fooyya’an kanneen hongee dandamachuun oomisha gaarii kennan misoomsaa jiraachuu ibsan. Waajjirri Qonnaa Godinichaa gama isaatiin, wabii nyaataa horsiisee bultootaa mirkaneessuuf lafa hektara kuma 125 ol irratti innisheetiviin qonna gammoojjii gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera. Jiraataa Aanaa Harannaa Bulluq ganda Malkaa arbaa kan ta’an horsiisee bulaa Haajii Awwal Abdii akka jedhanitti; naannoo isaaniitti hanqinni roobaa jiraachuu isaa hordofee hongee uumamu dandamatanii, yeroo gabaabaa keessatti sanyiiwwan Bishingaa gahan misoomsuun wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf tattaafachaa jiraachuu ibsaniiru. Sanyii bishingaa fooyya’aa mootummaan isaaniif dhiyeesse fayyadamuun, giddu-galeessaan hektara tokko irraa hanga kuntaala 30 oomisha argachuun akka danda’amu ibsaniiru. Horsiisee bulaa biraan Obbo Alii Sulxaan Ahimad gama isaaniitiin; sanyiin bishingaa kun yeroo gabaabaa keessatti oomisha kan kennu waan ta’eef, jijjiirama qilleensaa dandamachuuf akka isaan gargaaru dubbataniiru. Sanyiin bishingaa kun nyaataaf tajaajiluu bira darbee, hundeensaa isaa dheedumsa horiitiif waan ooluuf hongee dandamachuuf gargaarsa guddaa gochaafii akka jiru eeraniiru. Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibraahim Hasan gama isaaniitiin; aanichatti hongee dandamatanii yeroo gabaabaa keessatti oomisha kan kennan sanyii bishingaa horsiisee bultootaaf dhiyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis, yeroo ammaa aanichatti lafa qonni bishingaa irratti misoomaa jiru keessaa hektarri kuma 3 fi 300 sanyii fooyya’aadhaan misoomaa akka jiru bulchaan kun eeraniiru. Itti-aanaan itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Mu’aawiyaa Fu’aad akka ibsanitti; godinichatti naannolee gammoojjiitti oomisha arfaasaatiin lafti hektara kuma 125 ol sanyiiwwan adda addaatiin misoomaa jira. Kanneen keessaa bishingaa, shumburaa, baaqelaa,boloqqee, boqqolloofii oomishini muduraalee fi fuduraalee irratti xiyyeeffatan biroon innisheetivii addaatiin misoomaa akka jiran dubbataniiru. Misooma qonna gammoojjii kanaanis oomishni kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 9 ol ni argama jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Mootummaan qonna gammoojjii babal’isuufi wabii nyaataa dandeettii ofitiin mirkaneessuuf hojiin jalqabe caalaatti bu’a-qabeessa akka ta’uuf hojiiwwan eegalaman cimaniinii kan itti fufan ta’uu itti gaafatamaan kun hubachiisaniiru. Godina Baaleetti waliigala oomisha arfaasaatiin lafa hektara kuma 277 ol faca’e keessaa, oomishni kuntaala miiliyoona 8 ol akka abdatamu beekameera.
Teeknooloojii mul'ata biyyaalessaa keenya waliin walitti qindeessuun guddina ariifataa biyya keenyaaf malu galmaan ga'uuf karaa sirrii irra akka jirru agarsiisa - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad
Jun 9, 2026 112
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Teeknooloojii mul'ata biyyaalessaa keenya waliin walitti qindeessuun guddina ariifataa biyya keenyaaf malu galmaan ga'uuf karaa sirrii irra akka jirru agarsiisa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad. Ministirri Muummee RDFI Doktar Abiyyi Ahimad saayitii ijaarsaa manneen teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun ijaaraman agarsiisu daawwataniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, walga’ii Mana Maree Ministirootaan booda saayitii ijaarsaa, ijaarsa manneen teeknooloojii ammayyaafi saffisaan ijaaraman agarsiisu daawwachuu ibsaniiru. Saayitii kanatti tooftaaleen ijaarsaa ammayyaa sadii qindoominaan hojiirra ooluu eeranii, isaanis 3D Piriintiingii, ijaarsa sibiila Arabaa qophiin duraa fi manneen jireenyaa konteeyinarootaati jedhan. Tokkoon tokkoo ijaarsaa kunneen teeknooloojii sirrii wayita fayyadamnu saffisniifi qulqullinni kan wal siman ta’uu mirkaneessu jechhuun eeranii, manneen jireenyaa qulqullinni isaanii eegame yeroo gabaabaa keessatti hojjetanii xumuruun akka danda’amus ragaa ta’uu ibsani. Kalaqni guddaan kun kutaa biyyattii kamittuu haala salphaan hojiirra ooluu fi babal’ifamuu kan danda’u waan ta’eef sagantaa misooma manaa biyya keenyaa sadarkaa olaanaatti jijjiiruuf humna qaba jedhan. Teeknooloojii mul’ata biyyaalessaa keenya waliin walsimsiisneerra; hojiileen keenya akka kanaa qabatamaan mul’atan ammoo guddina saffisaa biyyaaf malu dhugoomsuuf kallattii sirriirra kutannoon imalaa jiraachuu keenya qabatamaan agarsiiseera jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI
Manni marichaa wixinee labsii Gumurukaa irra deebiin fooyyessuuf bahe raggaasise
Jun 9, 2026 289
Waxabajji 2/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii Gumurukaa irra deebiin fooyyessuu fi wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo ilaallatan qoratee raggaasiseera. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan walga’ii idilee 24ffaa bara hojii isaa waggaa 5ffaa gaggeesseera. Haaluma kanaan wixinee labsii Gumuruukaa fooyyessuuf dhiyaate irratti gabaasaa fi murtee koreen dhaabbii karooraa, baajataa fi faayinaansii dhiheesse qoratee sagalee caalmaan raggaasiseera. Kana malees, Manni marichaa wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti gabaasaa fi murtee koreen dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa dhiheesse qoratee sagalee guutuun raggaasiseera. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI
Siyaasa

Manni maree ministirootaa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarse
Jun 9, 2026 214
Waxabajjii 2/2018(ENA)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarseera. Murteewwan wal gahii idilee 56ffaa mana maree ministirootaa – 1. Manni marichaa jalqaban hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddugaleessaa (2019-2023) irratti mari’ateera. Riifoormiin dinagdee gooroo guutummaan hojiira erga oolee dinagdeen Itiyoophiyaa gufuuwwan keessa jiru keessaa bahaa jiraachuu fi bu’uraaleen dinagdees cimaa dhufaniiru. Hammattoon kun bu’aalee jajjabeessoo riifoormii dinagdee Kanaan argaman caalaa cimsuu akka dandeessisuu fi dinagdee gooroo ijoo ta’anii fi Fiisikaala irratti hundaa’uun qophii bajataa mootummaa federaalaa bara bajataa 2019’f ka’umsa ta’ee akka tajaajilu qophaa’ee dhihaateera. Manni maree hammattoo kanarratti bal’inaan egra mari’atee booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 2. Xumurarrattis manni marichaa wixinee labsii bajata mootummaa federaalaa bara bajataa 2019 irratti mari’ateera. Bajanni mootummaa feeraalaa bara 2019 qaama karoora misoomaa wagga kudhanii kan ta’e galmoota karoora misoomaa fi invastimantii 2019-2021 irratti kaa’amanii fi hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddu galeessaa (2019-2023) bu’uureffachuun raawwii bajata sagantaa bara bajataa 2018 ka’imsa gochuun, kallattiiwwanii fi akeekama tiraanisfoormeeshinii hawaasummaa fi dinagdee akkasumas galmoota mootummaadhaan kaa’aman milkeessuuf dandeettii faayinaansii mootummaa fi sektaroonni raawwachiiftota ta’an ergamaa fi itti gaafatama kennameefiin yoo madaalamu baasii isaan barbaachisu qorachuudhaan qophaa’ee dhihaateera. Bu’uuruma kanaan, Baajanni baasiiwwan idilee, baasiiwwan kaapitaalaa, deeggarsa mootummoota naannolee fi deeggarsa raawwii galmawwan misooma fulla’aatiif oolu, Biirriin 2,339,268,126,738 (Triiliyoona lamaa fi biiliyoona dhibba sadii fi soddomii sagalii fi miliyoona dhibba lamaa fi jaatamii saddeetii, kumni dhibba tokkoo fi digdamii jaha fi dhibba torbaa fi soddomii saddeet) mana marichaatiif dhiyaateera. Manni marichaas wixinee labsii baajata mootummaa Federaalaa bara 2019 dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada galteewwan itti dabaluun gara Mana Marii bakka bu’oota uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
Adeemsa filannoo walii galaa buufataalee filannoo addaa
Jun 9, 2026 215
Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Buufataalee addaa buqqaatota biyya keessaa fi kaampii loltuu keessatti argamanitti haala addaatiin filannoon walii galaa torbaffaa gaggeeffamaa jira. Boordiin filannoo Wixata Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa torbaffaa raawwachiisuunsaa ni yaadatama. Dabalataanis boordichi akkaataa aangoo labsii filannoo Itiyoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo lakk. 1162/2011 keewwata 17’n kennameefiin buqqaatota biyya keessaa fi kaammpii loltuutti keessatti buufataalee addaa hundeessuun jiraattonni kaampii keessa jiraatan filannoo walii galaa torbaffaarratti akka hirmaatan filannoof galmeessuunsaa ni beekama. Haala Kanaan lammiileen kaampii keessa jiraatan kan filachuuf galmaa’an filachaa akka jiran boordichi odeeffannoo dabarseen mul’iseera.
Kaampii keessatti filannoof kan galmaa’an filachaa jiru
Jun 9, 2026 249
Waxabajjii 2/2018 (ENA)-Boordiin filannoo Itiyoophiyaa Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa torbaffaa gaggeessuunsaa ni beekama. Boordichi akkaataa aangoo labsii filannoo Itiyoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo lakk. 1162/2011 keewwata 17’n kennameefiin haala addaatiin filannoo walii galaa idileerratti hin hirmaanneef guyyaa filannoo nimijeessa. Haala Kanaan buqqaatota biyya keessaa fi kaampii loltuu keessatti buufata addaa hundeesseera. Kun ammoo akkaataa jiraattonni kaampii filannoo walii galaa torbaffaarratti akka hirmaatan galmeesseen kan gaggeeffamudha. Kanaaf lammiileen kaampii keessa jiraatan kan fulachuuf galmaa’an har’a Waxabajjii 2 bara 2018 filachaa jiru.
Boordiin Filannoo guyyaa boruu buufataalee filannoo addaatti sagalee kennuuN akka jalqabamu beeksise
Jun 8, 2026 1660
Waxabajji 1/2018 (ENA): Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa boru buufataalee filannoo addaa buqqaatota biyya keessaa fi kaampii waraanaa keessatti argamanitti akka gaggeeffamu beeksiseera. Boordiin Filannoo filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 sagalee kennuun akka gaggeeffame beeksiseera. Boordichi yeroo ammaa bu’aa waajjiraalee aanaa filannoo irraa gara waajjira muummee boordii dhufu mirkaneessuu, bu’aa odiitii barbaadu qoratee, bu’aa mirkanaa’e gara kuusaa ragaatti galchuuf hojjechaa jira. Akkasumas, konfiraansii ogeeyyii seeraatiin ragaalee paartilee siyaasaa fi kaadhimamaa dhuunfaa gurmeessuu fi dhaggeeffachaa jira. Bu’aan adeemsa armaan olitti ibsames akkaataa seeraatiin Boordiif dhiyaatee akka raggaasifamuu fi ummataaf ifa ta’uu isaas Boordichi beeksiseera. Boordichi bu’uura aangoo “Labsii Filannoo, Galmeessa Paartilee Siyaasaa fi Naamusa Filannoo 1162/2011” keewwata 17’n kennameen, namoota biyya keessaa buqqa’anii fi kaampii waraanaa keessatti buufata addaa hundeessuun jiraattonni kaampii filannoo waliigalaa 7ffaa irratti akka hirmaatan galmeessuun isaa ni beekama. Kanaafuu, adeemsi sagalee kennuu lammiilee kaampii keessatti filattoota ta’anii galmaa’anii guyyaa boruu akka raawwatamu Boordichi odeeffannoo kana keessatti akeekeera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Poolisiin Federaalaa haala seenaa fi kabaja Itiyoophiyaa wajjin walsimuun hojjechaa jira - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Jun 8, 2026 962
Waxabajji 1/2018 (ENA): Poolisiin Federaalaa haala seenaa fi ulfina Itiyoophiyaa mijatuu fi yeroo waliin walsimuun hojjechaa jiraachuu Ajajaan Olaanaa Poolisii Federaalaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el himaniiru. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun haaromsa hojiirra oolche dhaabbatichi amma yakka ittisuu keessatti argama cimaa ijaaruu isaa Komishinar Jeneraal Dammallaash ibsaniiru. Kunis haala jijjiiramaa fi addunyaa dijitaalaa waliin akka tarkaanfatu isa dandeessiseera jedhan. Poolisiin Federaalaa haala seenaa fi kabaja Itiyoophiyaa wajjin walsimuun hojjechaa jiraachuu ibsuun, yakkoota idil-addunyaa fi biyyoota ollaa ittisuuf hojii milkaa’aa hojjeteera jedhani. Dhaabbatichi shakkamtoota daddabarsa namoota seeraan alaa kallattii adda addaatiin hirmaatan hoggantoota isaanii dabalatee to'annoo jala oolchuun adeemsa dhaddacha isaanii akka hordofan taasisuus himaniiru. Dhaabbatichi bakkeewwan gochoonni yakkaa akkanaa itti raawwatamaa jiran adda baasuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru kan ibsan Komishinar Jeneraal kun, hojiin daldala namaa seeraan alaa, lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa jiru irratti kutannoodhaan hojjete dhaabbilee idil-addunyaa adda addaatiin dinqisiifannaa guddaa argateera jedhan. Dhaabbatichi Itiyoophiyaan alatti yakkoota idil-addunyaa to’achuuf gahee isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee idil-addunyaa damee kanarratti hojjetan waliin tumsuun dhiibbaan dhaabbatichaa akka guddatu himaniiru. Gochoonni yakkaa yeroodhaa gara yerootti caalaatti walxaxaa fi teeknooloojiin guddachaa kan dhufan ta’us, Poolisiin Federaalaa dandeettii isaa cimsuun teknooloojii yeroo waliin deemu itti fayadamuun hojii isaa itti fufuu isaa mirkaneessee jira jechuun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniin gabaaseera.
Milkaa’inni filannoo waliigalaa taatee guddaa biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni sirna dimokiraasii ijaaruuf kutannoo qaban addunyaaf irra deebi’anii kan mirkaneessanidha
Jun 8, 2026 726
Waxabajji 1/2018(ENA): Milkaa’inni filannoo waliigalaa taatee guddaa biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni sirna dimokiraasii ijaaruuf kutannoo qaban addunyaaf irra deebi’anii kan mirkaneessan taatee olaanaa jedhan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa. Milkaa’inni filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa injifannoo seena qabeessa seenessa yaraa biyyoonni alaa ilaacha biyya keenyarra qaban kan cabseefi Itiyoophiyaa addunyaatti kan mul’ise taatee guddaadha jedhani. Filannoon waliigalaa torbaffaan Caamsaa 24, 2018 kan gaggeeffame yoo ta’u, buufataalee sagalee kennuun hin xumuramne keessattillee hanga sa’aatii 6:00tti sagalee kennuun gaggeeffameera. Daarektarri Olaanaan tajaajila kanaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa ENAtti akka himanitti, milkaa’inni filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa injifannoo seena qabeessa gabaasa yaraa fi ejjennoo gadi aanaa sadarkaa idil-addunyaatti dhaga’ame irra aaneedha jedhani. Ummanni Itiyoophiyaa paartii faayidaa isaaf ta’a jedhee amanu filachuun filannoo dimokiraatawaatiin mootummaa ijaaruu akka danda’u qabatamaan agarsiisuu isaas ibsaniiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa irrattis ummanni Itiyoophiyaa sirna dimokiraatawaa fi ijaarsa mootummaa cimaaf kutannoo qabu addunyaaf mirkaneessee jira jedhan. Filannoo kana irratti hirmaannaan lammiileen dammaqinaan hirmaatan lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraataniifi diyaaspooraan Itiyoophiyaa aadaan dimokiraasii dagaagaa akka jiru akka hubatan taasiseera jedhaniiru. Faallaa kanaatiin qaamoleen olola sobaan jibbinsa biyyaa labsan kanneen gaarummaa Itiyoophiyaa hin barbaanne Itiyoophiyaanonni hirmaannaa dammaqinaan akka irra aanan ibsaniiru. Ijaarsi sirna dimokiraasii Itiyoophiyaas gaaffii diyaaspooraa biyya alaa fi biyyoota dimokiraasiin itti shaakalamu ta’uu ibsaniiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaannaan lammiilee Itiyoophiyaa dammaqinaan mul’achuun hawaasni diyaaspooraa ijaarsa aadaa dimokiraasii akka ilaaluu fi haala gaariin akka shaakalu mallattoo gaarii ta’uus eeraniiru. Filannoo kanarratti hirmaannaan ummataa kaka’umsaa fi kutannoo ijaarsa biyyaa fi guddina waliigalaa addunyaaf qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni biyya alaa jiraatan carraawwan invastimantii uumaman irratti akka hirmaatan waamicha dabarsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Hawaasummaa
Naannoo Harari aanaalee baadiyyaatti ijaarsi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa jaha eegalame
Jun 9, 2026 9
Waxabajjii 2/2018 (ENA): Naannoo Harari aanaalee baadiyyaatti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa jaha bajata birrii miiliyoona 52.8’n har’a eegalameera. Ijaarsa manneen barnootaa kan eegalsiisan pireesidaantiin mootummaa naannichaa obbo Ordin Badrii fi hoggantoota seektarichaati. Akka pireesidaantiin mootummaa naannichaa obbo Ordin Badrii himanitti mootummaan naannichaa barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa xiyyeeffannoo kennuun hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jira jedhani. Barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa babal’isuu fi cimsuun qulqullina barnootaa fi ga’umsa barattootaa fooyyessuuf bu’uura ta’uu ibsuun, naannichi gama kanaan bal’inaan hojjechaa jira jedhan Pireesidaanti Ordin Badriin. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa yeroo ammaa aanaalee baadiyyaa naannichaa keessatti ijaaramaa jiran yeroo fi saffisa beellamame keessatti ijaaramanii tajaajilaaf akka gahan ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoo gama isaaniitiin akka himanitti, kanaan duras aanaalee magaalaa fi baadiyyaa naannichaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa ijaaramanii tajaajilaaf gahuu isaanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kana deeggarsa waloo mootummaa naannichaa fi Ministeera Barnootaatiin aanaalee baadiyyaa naannichaa hunda keessatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa jahaa ijaarsisuuf jalqabameera jedhan. Ijaarsi manneen barnootaa ji’a lama keessatti xumuramee bara barnootaa haaraatti tajaajilaaf kan qophaa’u ta’uus ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI
Naannoo Oromiyaatti qormaata biyyaassaa fi naannoo kennuuf qophaahameera
Jun 9, 2026 183
Waxabajji 2/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti qormaata biyyaassaa fi naannoo kennuuf qophiin barbaachisu taasifameera jedhani Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo. Hogganaan biirichaa Dr. Tolaa Bariisoo hojii damee barnootaa naannichatti hojjetamaa ture akkasumas qormaata biyyaalessaa fi naannoo ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Ibsa kanaan barattoonni yeroo qormaataa milkaa’aa akka qabaataniif hojiiwwan qophii adda addaa hojjetamuu beeksisaniiru. Akka hogganaan kun jedhanitti, bara kana Naannoo Oromiyaatti barattoonni kuma 202 ol qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf galmaa’aniiru jedhani. Haaluma walfakkaatuun barattoonni kuma 547 ol qormaata naannoo kutaa 6ffaa kan fudhatan yoo ta’u, qormaata kutaa 8ffaa irrattis barattoonni kuma 430 ol qormaata kana ni fudhatu jedhani. Sagantaa qormaataa ilaalchisee qormaanni naannoo kutaa 6ffaa Waxabajjii 8 hanga 10, 2018tti kan kennamu yoo ta’u, qormaanni kutaa 8ffaa ammoo Waxabajjii 11 fi 12, 2018 kan kennamu ta’a. Barattoonni qormaata fudhachuuf haala mijataa uumuuf hojiiwwan ijoo ta’an barattoonni qabiyyee barachuu qaban guutummaatti akka uwwisan gochuu fi barattootaaf barnoota qo’achiisuu kennuu akka ta’e ibsaniiru. Shaakala kompiitaraa onlaayinii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa hojiiwwan gaggeeffaman keessaa tokko ta’uus eeraniiru. Hogganaan kun qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa irra caalaa toora interneetii (online)irratti kan kennamu ta’uu hubachiisuun, milkaa’ina kanaaf galteewwanii fi bu’uuraaleen barbaachisoo ta’an akka dhiyaataniif hojiiwwan adda addaa xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiran hubachiisaniiru. Barattoota deeggarsa addaa barbaadaniif haala qormaataa mijataa uumuuf Biirichi xiyyeeffannoo addaa kennaa akka jirus hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI
Qorannoo dhaabbilee barnoota olʼaanoo keessatti gaggeeffaman buʼa-qabeessaa fi sirna hojii walfakkaataa akka qabaatan gochuun, milkaaʼina karoora misooma biyyaatiif gahee isaanii akka bahan ni jajjabeeffamu - Ministeera Barnootaa.
Jun 8, 2026 902
Waxabajjii 1/2018(ENA)-Hojiiwwan qorannoo dhaabbilee barnoota olʼaanoo keessatti gaggeeffaman buʼa-qabeessaafi sirna hojii walfakkaataa akka qabaatan gochuun, milkaaʼina karoora misooma biyyaatiif gahee isaanii akka bahan ni jajjabeeffamu jedhe Ministeerri Barnootaa. Yunivarsiitiin Madda Walaabuu qorattootaafi barsiisotaaf leenjii ijaarsa dandeettii tarsiimoo fooyyaʼiinsa qorannoo ammayyaafi dhimmoota kanaan walqaban irratti xiyyeeffate kennuu jalqabeera. Sirna jalqabsiisa leenjirratti kan argaman hoji raawwachiisaan dhimmoota qorannoofi tajaajila hawaasaa Ministeera Barnootaa Dr. Sarawiit Handisoo akka jedhanitti, yuunivarsiitiiwwan hojii baruu-barsiisuu cinaatti hojiiwwan qorannoo rakkoo hawaasaa hiikan irratti akka xiyyeeffatan taasifamaa jira. Icciitiin guddina biyya takkaa buʼaa hojii qorannoofi kalaqa qulqullina qabu geeggessuu taʼuu ibsuun keessattuu; yuunivarsiitiiwwan hojii baruu-barsiisuu cinaatti hojiiwwan qorannoo rakkoo hiikan gaggeessuun naannoo isaanii bira dabranii milkaaʼina galma misooma biyyaatiif gahee isaanii bahuuf sochoʼuu akka qaban ibsaniiru. Yunivarsitichi leenjii qulqullina qabu kennuu cinaatti hojiiwwan qorannoo rakkoo hawaasaa hiikan gaggeessuun misooma biyyaalessaa jalqabame deeggaruuf hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo Pireezidantii Yuunivarsiitichaa Dr. Birhaanamaasqal Xanaadha. Yuunivarsiitichi bara baajataa kanatti qorannoowwan hojii qonnaa, kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa, fayyaa, tuuriizimiifi dameelee xiyyeeffannoo biroo irratti xiyyeeffatan gaggeessaa akka jiru dubbataniiru. Yuunivarsiitichi kanaan dura hojiiwwan qorannoo dhuunfaan hojjetamaa turan qindeessuun, hojiiwwan pirojektiifi qorannoo gurguddoo fooyyaʼaafi dhiibbaa uumuu dandaʼaniif xiyyeeffannaa kennuus akeekan. Leenjiin ijaarsa dandeettii yuunivarsiitichi yeroo ammaa kennaa jiru kunis, qorannoowwan dhaabbaticha keessatti gaggeeffaman rakkoo hawaasaa jiddugaleessa kan godhate, buʼa-qabeessaafi sirna hojii walfakkaataa akka qabaatan kan godhudhas jedhaniiru. Leenjiin akkasii bajata qusannoon fayyadamuun buʼaalee qorannoo dorgomaafi dhiibbaa uumuu dandaʼan dhiyeessuun dandeettii humna namaa guddisuuf gahee guddaa akka uumu kan ibsan immoo Itti-aanaa Pireezidantii Dhimmoota Akkaadaamii fi Qorannoo Yuunivarsiitichaa Dr. Bazzabbih Wandimmuuti. Leenjichi sirna qorannoo buʼuraa, naamusa qorannoo, 'Artificial Intelligence',fi mala fandii (maallaqa) barbaaduu irratti kan xiyyeeffate taʼuun ibsameera. Hayyoonni leenjicharratti hirmaatan gama isaaniitiin, leenjiin sirna qorannoo ammayyaa irratti xiyyeeffate kun buʼaa qorannoo dhiibbaa uumuu dandaʼaniifi fooyyaʼoo taʼan qopheessuuf carraafi humna guddaa akka uumuuf eeraniiru.
Agarsiisni Kitaabaa Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa 18ffaa mooraa guddicha yunivarsiitichaa Siddisti kiilootti baname
Jun 8, 2026 421
Waxabajji 1/2018 (ENA): Agarsiisni Kitaabaa Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa 18ffaa mooraa guddicha yunivarsiitichaa Siddisti kiiloo keessatti banameera. Agarsiisni kun Waxabajji 1 hanga 7/2018 kan gaggeeffamu yoo ta’u, raabsitoonni kitaabaa, maxxansitoonnii fi manneen kitaabaa 40 ol hirmaataa jiru. Agarsiisa kitaabaa kana irratti kitaabonni turanii fi haaraan hedduun damee beekumsaa hunda irratti xiyyeeffatan gatii hir’ifameen dubbistootaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, kitaabonni haaraan ni eebbifamu jedhamee eegama. Akka Pireezidaantii eeggataa Itti Aanaa Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee waltajjii kanarratti argamanii dubbatanitti, Maxxansi Yunivarsiistii Finfinnee (Addis Ababa University Press) waggoota 50 oliif kitaabota hedduu maxxansee akka dhiyaatu taasiseera jedhani. Imala yuunivarsiitichi gara ofiin of bulchuutti taasifamu keessatti dandeettii maxxansaa yunivarsiitii Finfinnee guddisuu fi gabaa ammayyaa fayyadamuudhaan qaqqabummaa isaa babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa turuu ibsaniiru. Beekumsa gara dhaloota dhufutti dabarsuu fi dorgomtummaa dhaabbatichaa dhaabbilee walfakkaatan biroo waliin taasifamu dabaluun hubannoo namtolchee fi teeknooloojii dijitaalaa fayyadamuun akka itti fufu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Diinagdee
Horsiisee Bultoonni Sanyii Bishingaa hongee dandamachuun omisha gaarii kennan misoomsaa jiru
Jun 9, 2026 88
Waxabajjii 2/2018 (ENA): Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluqitti, horsiisee bultoonni oomisha Arfaasaatiin sanyiiwwan bishingaa fooyya’an kanneen hongee dandamachuun oomisha gaarii kennan misoomsaa jiraachuu ibsan. Waajjirri Qonnaa Godinichaa gama isaatiin, wabii nyaataa horsiisee bultootaa mirkaneessuuf lafa hektara kuma 125 ol irratti innisheetiviin qonna gammoojjii gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera. Jiraataa Aanaa Harannaa Bulluq ganda Malkaa arbaa kan ta’an horsiisee bulaa Haajii Awwal Abdii akka jedhanitti; naannoo isaaniitti hanqinni roobaa jiraachuu isaa hordofee hongee uumamu dandamatanii, yeroo gabaabaa keessatti sanyiiwwan Bishingaa gahan misoomsuun wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf tattaafachaa jiraachuu ibsaniiru. Sanyii bishingaa fooyya’aa mootummaan isaaniif dhiyeesse fayyadamuun, giddu-galeessaan hektara tokko irraa hanga kuntaala 30 oomisha argachuun akka danda’amu ibsaniiru. Horsiisee bulaa biraan Obbo Alii Sulxaan Ahimad gama isaaniitiin; sanyiin bishingaa kun yeroo gabaabaa keessatti oomisha kan kennu waan ta’eef, jijjiirama qilleensaa dandamachuuf akka isaan gargaaru dubbataniiru. Sanyiin bishingaa kun nyaataaf tajaajiluu bira darbee, hundeensaa isaa dheedumsa horiitiif waan ooluuf hongee dandamachuuf gargaarsa guddaa gochaafii akka jiru eeraniiru. Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibraahim Hasan gama isaaniitiin; aanichatti hongee dandamatanii yeroo gabaabaa keessatti oomisha kan kennan sanyii bishingaa horsiisee bultootaaf dhiyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis, yeroo ammaa aanichatti lafa qonni bishingaa irratti misoomaa jiru keessaa hektarri kuma 3 fi 300 sanyii fooyya’aadhaan misoomaa akka jiru bulchaan kun eeraniiru. Itti-aanaan itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Mu’aawiyaa Fu’aad akka ibsanitti; godinichatti naannolee gammoojjiitti oomisha arfaasaatiin lafti hektara kuma 125 ol sanyiiwwan adda addaatiin misoomaa jira. Kanneen keessaa bishingaa, shumburaa, baaqelaa,boloqqee, boqqolloofii oomishini muduraalee fi fuduraalee irratti xiyyeeffatan biroon innisheetivii addaatiin misoomaa akka jiran dubbataniiru. Misooma qonna gammoojjii kanaanis oomishni kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 9 ol ni argama jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Mootummaan qonna gammoojjii babal’isuufi wabii nyaataa dandeettii ofitiin mirkaneessuuf hojiin jalqabe caalaatti bu’a-qabeessa akka ta’uuf hojiiwwan eegalaman cimaniinii kan itti fufan ta’uu itti gaafatamaan kun hubachiisaniiru. Godina Baaleetti waliigala oomisha arfaasaatiin lafa hektara kuma 277 ol faca’e keessaa, oomishni kuntaala miiliyoona 8 ol akka abdatamu beekameera.
Naannoo Harariitti Ijaarsi Daandii Baadiyaa Haaraa Misooma koriidarii baadiyaa waliin wal-qabatan gaggeeffamaa jira
Jun 9, 2026 156
Waxabajjii 2/2018 (ENA): Naannoo Harariitti ijaarsi daandilee baadiyaa haaraa misooma koriidarii baadiyaa waliin wal-qabatanii bal'inaan gaggeeffamaa akka jiru Biroon Geejjibaa fi Misooma Daandii naannichaa beeksiseera. Sochiin misooma koriidarii magaalota biyyattii keessatti jalqabamee fi milkaa'inni isaa ragaa ba'ameef, yeroo ammaa kana gara naannawaa baadiyaatti babal'achaa jira. Naannoon Harariis mul’ata biyyaalessaa kana haala qabatamaa naannichaa waliin wal simsiisuun walitti hidhaminsa magaalaa fi baadiyaa cimsuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru ni beekama. Itti-aanaan Hogganaa Biroo Geejjibaa fi Misooma Daandii Naannichaa Injiinar Fatiih Tawufiiq akka jedhanitti, naannichaa keessatti waggoottan dabran keessa dhaqqabummaa daandii baadiyaa guddisuuf hojiileen bal'aan hojjetamaniiru. Hojiileen ijaarsa daandii baadiyaa kunis qonnaan bultoonni bonaa fi ganna oomisha isaanii gara gabaatti akka dhiyeessan gochuu fi tajaajila biroo kennuudhaan fayyadamummaa isaanii dabalaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii kanaanis, bara kana sagantaalee adda addaatiin dhaqqabummaa daandii baadiyaa guddisuun walitti hidhaminsa Magaalaa fi baadiyaa cimsuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis, Aanaalee naannichaa sadii keessatti baajata idilee fi sagantaa walitti hidhaminsa daandii baadiyaan Sagantaa wabii nyaataatiin ijaarsi daandilee baadiyaa haaraa KM. 77 gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru. Kanaanis pirojeektii kaapitaalaatiin ijaarsi daandilee baadiyaa haaraa kiiloomeetra 54 ta’u gaggeeffamaa akka jiru ibsanii, ijaarsi KM. 23 hafe immoo karaa sagantaa walitti hidhaminsa daandii baadiyaa wabii nyaataatiin hojjetamaa akka jiru addeessaniiru. Naannichatti misooma koriidarii baadiyaa waliin wal-qabsiisuun ijaarsi daandilee cirrachaa baadiyaa haaraa gaggeeffamaa jiru guutummaatti xumuramee tajaajilaaf akka oolu xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Ijaarsi daandilee cirrachaa haaraa kun rakkoolee hawaasa biratti ka'aa turan furuu kan dandeessisan ta'uun alatti, misooma koriidarii baadiyaa waliin kan wal-qabatan ta'uu isaas eeraniiru. Ijaarsi daandilee kanaa gandoota walii isaanii fi magaalaa waliin kan wal-qunnamsiisu ta'uu eeranii, kanaanis rakkoo damee geejjibaa keessatti mul'atu hundee irraa kan furu ta'uu hubachiisaniiru. Magaalicha keessattis ijaarsi daandii asfaaltii fi keessoo haaraa, suphaa, sadarkaa fooyyessuu fi hojiileen biroo gaggeeffamaa jiraachuu isaanii dabalanii ibsaniiru. Naannoo Harariitti marsaa lammaffaatiin pirojeektii ganda qonnaan bultootaa moodeelaa kanaan manneen 250 ijaaramaa akka jiran ni beekama.
Godina Iluu Abbaa Booritti qonnaan bultoonni Muuzii misoomsaa jiran faayidaan dinagdeerraa argatan guddachaa jira
Jun 9, 2026 138
Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Godina Iluu Abbaa Booritti qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni Muuzii misoomsaa jiran faayidaan dinagdeerraa argatan guddachaa jira Qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni godina Iluu Abbaa Boor Muuzii misoomsaa jiran galiin irraa argatan dabalaa waan dhufeef dinagdeensaanii guddachaa dhifuu ibsan. Aanaa dooranii ganda Ennaa kan jiraatan qonnaan bulaan Geetaachoo Warqinaa, wagga afur dura lafa xiqqoorratti muuzii misoomsuu akka eegalan ni dubbatu. Yeroo ammaa biqiltuu Muuzii baay’isaa akka jiran kan dubbatan qonnaan bulaan kun misooma kana heektaara walakkaatti guddisuun galii argataniin jireenyasaanii fooyyeffachaa akka jiran ibsaniiru. Tooftaa ammayyaa Muuziin itti oomishamu fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomishaa guddisuu waan danda’aniif galiinsaanii guddachaa jiraachuu eeranii, bara darbe gurgurtaa biqiltuu muuzii fi Muuziirraa birria kuma 600 akka argatanii fi bara kanas galii caalaa akka abdatan dubbataniiru. Misooma kana cimsuun gara invastimantiitti cehuuf akka karoorfatan dubbataniiru. Dargaggoonni aanichaa hedduun muuxannoo qonnaan bulaa Geetaachoo fudhachuun misooma Muduraa hojjechuuf kaka’aniiru. Jiraataan ganda kanaa kan biraan dargaggoo Wandimmuu Laggasaa fi dargaggoo Addisuu Yaasin dargaggoota biro waliin gurmaa’uun lafa heektaara tokkorratti biqiltuu Muuzii dhaabuu eegaluusaanii ibsaniiru. Haala wal fakkaatuun dargaggoo Addisuu Immiruu fi dargaggoo Mirreessaa Darajjee gamasaaniin, misooma Muuziirratti cimanii hojjechuun fayyadamuuf kaka’umsa argachuusaanii eeranii, keesumaa misooma Muuzii hojiilee qonnaa kan biraan wal bira hojjechuuf karoorsuusaanii dubbataniiru. Hogganaan waajjira qonnaa fi bulchiinsa misooma lafaa aanaa Dooranii adde Lalisee Amanaa akka ibsanitti, inisheetiivota qonnaa aanichatti xiyyeeffannoon olaanaan kennameef keessaa misoomni muduraa isa tokkodha. Yeroo ammaa misoomni Muduraa ganda keessatti kilaastaraan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, lafti heektaara kuma 1 fi 600 ol dargaggoota waldaan gurmaa’anii fi qonnaan bultootaan misoomaa jira jedhaniiru. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Daanyee Fiqree gamasaaniin, ganna kana godinichatti lafti heektaara kuma 29 fi 100 caalu biqiltuu Muduraa garagaraatiin kan misoomu yoo ta’u, kana keessaa heektaarri kuma 4 fi 300 Muuziidhaan akka misoomu beeksisaniiru. Yeroo ammaa godinichatti Muuzii dabalatee Avokaadoo, Anaanaasii, Paappaayaa fi akaakuun Muduraa biroon bal’inaan misoomaa akka jiran itti aanaan itti gaafatamaa kun ibsaniiru.
Inisheetiiviin maaddii guutuu oomisha aannaniirratti bu’aa qabatamaa fidaa jira
Jun 8, 2026 843
Waxabajjii 1/2018(ENA)- Inisheetiiviin maaddii guutuu oomisha aannaniirratti bu’aa qabatamaa fidaa akka jiru gorsaan ministira qonnaa de’eetaan ministiraa Dr. Ifaa Mul’ataa ibsan. Inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa Itiyoophiyaa qorannoo baayoo teeknooloojiitiin aannan itichuu kan danda’u raacitii piroo baayootiikii Itittuu jedhamu ifoomseera. Inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa Itiyoopiyaa guyyaa aannanii idil addunyaa sababeeffachuun waltajjii marii waloo fi agarsiisa gaggeesseera. Gorsaan ministira qonnaa de’eetaan ministiraa Dr. Ifaa Mul’ataa wayita kana akka ibsanitti, raacitiin piroo baayootiikii Itittuu oomisha biyya alaarraa galu hambisuun sharafa biyya alaa hambisuu kan danda’udha. Kun ammo oomishtummaa aannanii fi bu’aalee aannaniirratti gumaacha guddaa akka qabu eeraniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan imaammata qonnaatiin wabii nyaataa fi sirna nyaataa cimsuuf hojii hojjechaa jirtu kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Inisheetiiviin maaddii guutuu yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin hojiirra oolaa jiru oomishtummaa aannaniirratti bu’aa qabatamaa fidaa akka jiru dubbataniiru. Dureeyyiin damee kanarratti akka hojjetan gumaacha olaanaa gumaachuusaa raacitiin Piroo baayootiik Itittuun oomishtootaa fi dame kanarratti kan hojjetan kan dadammaqsu ta’uu eeraniiru. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii qorannoo qonnaa Itiyoophiyaa piroofeesar Nugusee Dachaasaa gamasaaniin, raacitiin piroo baayootiik haaraan Itittuu jedhamu dhaabbileen biyya keessaa kan aannan qiqindeessan raacitii sharafa alaatiin biyya alaarraa galchan kan bakka bu’idha. Bu’aan qorannoo kun sharafa biyya alaa hambisuurra darbee aannan paascharaayizdi ta’e sa’aatii afur keessatti itichuu danda’a jedhan. Bu’aalee qonnaa inistiitiyuutichi qorannoo irratti gaggeessu keessaa aannanii fi bu’aaleen aannanii isaan ijoo ta’uusaanii ibsanii, oomishichi wantoota wabii nyaataa fi fayyaaf murteessaa ta’an kan of keessaa qabu ta’uu ibsaniiru. Raacitiin piroo baayootiikii Itittuu oomishtummaa kan mirkaneessu ta’uu kan ibsan ammoo hojii raawwachiisaa olaanaa agiroo industirii Sabbayaa fi pirezidaantii waldaa deeyirii Itiyoophiyaa Mulugeetaa Yimari. Akkasumas adeemsa oomishaa kan si’achiisuu fi biyya keessatti oomishamuunsaa qaqqabummaasaa kan mirkaneessu ta’uu kaasaniiru. Guyyaan aannanii idil addunyaa oomishni aannanii sirna nyaataaf akkasumas faayidaan dinagdeef qabu kan itti yaadatamu yoo ta’u, guyyaan kun karaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhaabbata ntaataa fi qonnaa A.L.A bara 2001 kan hundeeffame taatee idil addunyaa ta’uun ni beekama.
Saayinsii fi teeknooloojii
Teeknooloojii mul'ata biyyaalessaa keenya waliin walitti qindeessuun guddina ariifataa biyya keenyaaf malu galmaan ga'uuf karaa sirrii irra akka jirru agarsiisa - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad
Jun 9, 2026 112
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Teeknooloojii mul'ata biyyaalessaa keenya waliin walitti qindeessuun guddina ariifataa biyya keenyaaf malu galmaan ga'uuf karaa sirrii irra akka jirru agarsiisa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad. Ministirri Muummee RDFI Doktar Abiyyi Ahimad saayitii ijaarsaa manneen teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun ijaaraman agarsiisu daawwataniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, walga’ii Mana Maree Ministirootaan booda saayitii ijaarsaa, ijaarsa manneen teeknooloojii ammayyaafi saffisaan ijaaraman agarsiisu daawwachuu ibsaniiru. Saayitii kanatti tooftaaleen ijaarsaa ammayyaa sadii qindoominaan hojiirra ooluu eeranii, isaanis 3D Piriintiingii, ijaarsa sibiila Arabaa qophiin duraa fi manneen jireenyaa konteeyinarootaati jedhan. Tokkoon tokkoo ijaarsaa kunneen teeknooloojii sirrii wayita fayyadamnu saffisniifi qulqullinni kan wal siman ta’uu mirkaneessu jechhuun eeranii, manneen jireenyaa qulqullinni isaanii eegame yeroo gabaabaa keessatti hojjetanii xumuruun akka danda’amus ragaa ta’uu ibsani. Kalaqni guddaan kun kutaa biyyattii kamittuu haala salphaan hojiirra ooluu fi babal’ifamuu kan danda’u waan ta’eef sagantaa misooma manaa biyya keenyaa sadarkaa olaanaatti jijjiiruuf humna qaba jedhan. Teeknooloojii mul’ata biyyaalessaa keenya waliin walsimsiisneerra; hojiileen keenya akka kanaa qabatamaan mul’atan ammoo guddina saffisaa biyyaaf malu dhugoomsuuf kallattii sirriirra kutannoon imalaa jiraachuu keenya qabatamaan agarsiiseera jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI
Inistitiyuutiin Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa Qo'annoo Baayoo teknoolojiitiin Raacitii Piroobaayootikii aannan itichitu "Itittuu" jedhamu ifoomse
Jun 8, 2026 606
Waxabajjii 1/2018 (ENA) - Inistitiyuutiin Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa qo'annoo baayooteknoolojiitiin raacitii piroobaayootikii aannan itichitu "Itittuu" kan jedhamu ifa taasiseera. Inistitiyuutichi bu'aa qo'annoo haaraa kana kan ifoomse, guyyaa Aannanii Addunyaa ilaalchisee waltajjii marii gamtaa fi agarsiisa har'a qophaa'e irratti. Waltajjicharratti kan argaman Daarektarri Jeneraalaa Inistitiyuutii Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Nugusee Dachaasaa akka ibsanitti; raacitiin piroobaayootikii haaraan "Itittuu" jedhamu kun, dhaabbanni Qindeessa aannanii biyya keessaa raacitii maallaqa alaan (sharafa alaa) gara biyyaatti galchuun fayyadamaa turan kan biyya keessaan kan bakka bu'uudha. Bu'aan qo'annoo kun dhaabbata qindeessa aannan sharafa alaa irraa oolchuu bira darbee, aannan paaschraayizdii ta'e sa'aatii afur keessatti akka ititu gochuu akka danda'u eeraniiru. Inistitiyuutichi bu'aalee qonnaa qo'annoo irratti taasisu keessaa aannanii fi oomishaaleen aannanii isaan ijoo ta'uu ibsuun, oomishichi wabii nyaataa fi fayyaaf dhimmoota murteessoo ta'an kan qabate ta'uu ibsaniiru. Inistitiyuutiichi gosa midhaanii fi sanyiiwwan beeyladaa fooyya'an qo'annoodhaan baasuun guddina damee kanaaf gumaacha guddaa taasisasaa akka jiru dabalanii eeraniiru. Yeroo ammaas oomishtummaa aannanirratti kan xiyyeeffatan qo'annoowwan adda addaa baayooteknoolojiitiin deeggaraman raawwatamaa akka jiran beeksisaniiru. Guyyaan Aannanii Addunyaa faayidaa oomishni aannanii soorataa fi dinagdeef qabu kan itti yaadannu yoo ta'u, guyyaan kun Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii (FAO) tiin A.L.A bara 2001 irraa eegalee kan hundeeffame ta'uun isaa ni beekama.
Naannoo Hararitti dargaggoonni kuma 38 fi 300 ol leenjii Itiyoo Koodarsii (Ethio Coders) fudhataniiru - Ejensii Innooveeshinii fi Teeknooloojii Naannichaa
Jun 5, 2026 2109
Caamsaa 28/2018 (ENA): Naannoo Hararitti dargaggoonni kuma 38 fi 300 ol leenjii Itiyoo Koodarsii fudhataniiru jedhan Hogganaan Ejensii Innooveeshinii fi Teeknooloojii Naannichaa obbo Jamaal Ibraahim. Ibsa Itti Gaafatamaan Ejensichaa obbo Jamaal Ibraahim kennaniin; Leenjiin Koodarsii guddina dandeettii teeknooloojii dijitaalaa lammiilee fi ijaarsa dinagdee dijitaalaa akka biyyaatti jalqabeef gumaacha olaanaa qaba jedhani. Dargaggoota sadarkaa naannootti leenjii kana xumuran keessaa 27,574 hojiiwwan jalqabbii kanaan hanga ammaatti hojjatamaa tureen ragaa argataniiru. Sagantaa kanaan leenjii piroogiraamiingii, saayinsii daataa, hubannoo namtolchee, Andirooyidii fi kanneen kanaan walqabatan kennamaa akka jiran ibsaniiru. Leenjiin kun dargaggoota ogummaan kan hidhachiisu qofa osoo hin taane, lammiilee gahumsa, dorgomaa fi hojiitti hirmaatan akka horatan kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Leenjichi sadarkaa addunyaatti dargaggoota dorgomaa akka taasisu eeruun, dargaggoonni carraa hin arganne gara fuulduraatti galmaa’anii leenji’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru. ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun Rakkoo Lammiilee furaa jira - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 4, 2026 2048
Caamsaa 27/2018 (ENA): Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuun rakkina lammiilee furaa jira jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo (Masoob) kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti ijaarame eebbisuun hojii isaa eegalchiisaniiru. Akka sirna eebba kana irratti ibsanitti aadde adaanech, Finfinneetti kenniinsa tajaajilaa gahumsaa fi saffisaa ta’e kan haqummaa tajaajila mootummaa mirkaneessu uumamuu ibsaniiru. Tajaajilli Giddugala Tokkoo rakkoolee Bulchiinsa gaarii hawaasni tajaajila mootummaa argachuu keessatti mudatu dhabamsiisuu keessattis gahee olaanaa taphachaa jira jedhan. Tajaajila Giddugala Tokkoo irraa gara tajaajila socho’aatti dabarsuudhaan dhaqqabummaa babal’isuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Kunis magaalattiin tajaajila mootummaa gahumsaa fi bu’a qabeessa taasisuuf kutannoo qabdu kan agarsiisudha jedhan. Tajaajilli Giddugala Kolfee Masoob eebbaaf qophaa’ee tures haala tajaajila ammayyaa fi gahumsa qabu hawaasaaf kennuu danda’uun ijaaramuu isaa ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisii Magaalaa Finfinnee sadarkaa itti Aanaa Kantiibaatti Dr. Jamaaloo Jambaruun tajaajilli Giddugala ‘Addis Mesob’ hojii bu'a qabeessa ta'ee rakkoo lammiilee furaa jiraachuu himani. Dhaqqabummaa giddugala wiirtuu tokkoo magaalaa guddootti babal’isuun tajaajila mootummaa ammayyeessuun bu’a qabeessummaan hojiirra oolmaa fooyya’aa akka jiru ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo obbo Tewoodiroos Wolde Mikaa’eel tajaajilli Giddugala ‘Kolfee Masoob’ tajaajila magaalaa guddichaa haala mijeessuuf bu’aa guddaa qaba jedhan. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Ispoortii
Atileet Geetachoo Masrashaa fi Atileet Massalach Alamaayyoo Walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa Injifatan
Jun 7, 2026 1655
Caamsaa 30/2018 (ENA): Dorgommii Walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa irratti atileet Geetachoo Masrashaa magaalaa Shaggar irraa, dorgommii dubartootaatiin ammoo atileet Massalach Alamaaayyoo Poolisii Finfinnee irraa injifataniiru. Dorgommii dhiirotaatiin atileet Balaylinyi Tashaagar Itiyoo-Elektirika irraa 2ffaa yoo ba’u, atileet Balaay Xilahuun Poolisii Finfinnee irraa 3ffaa bahuun xumureera. Haaluma walfakkaatuun dorgommii walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa dubartootaan Atileet Massalach Alamaayyoo Poolisii magaalaa Finfinnee irraa yoo injifattu, atileet Zimaam Baaraakii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa irraa 2ffaa, Baqqalach Takkuu ammoo Magaalaa Shaggar irraa 3ffaa baateetti. Walumaagalatti atileetotni 638 kan hirmaatan yoo ta’u, dhiirota 455 fi dubartoonni 183 kan hirmaatan fiigicha addabaabayii Masqalaa irraa eegalamee gaggeeffamaa ture xumurameera. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaan Maalaawwii waliin tapha michuummaa ni taphatti
Jun 6, 2026 1161
Caamsaa 29/2018 (ENA):–Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gitasaa Maalaawwii waliin har’a tapha michuummaa Idil-Addunyaa ni gaggeessa. Taphichi galgala sa'aatii 12:00 irratti Istadiyeemii Dirree Dawaatti ni taasifama. Leenjisaan garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Yohaannis Saahilee qophii tapha michuummaaf Caamsaa 19 bara 2018 taphattoota 23f waamicha kan taasisan yoo ta'u, gareen biyyalessichaa Caamsaa 24 bara 2018 kaasee Finfinnee fi Dirree Dawaatti qophii taasisaa tureera. Gareen Ituyoophiyaa tapha isaa jalqabaa har'aa taasisuun, shaakalliisaa dhumaa kaleessa Istadiyeemii Dirree Dawaatti gaggeesseera. Taphattoonni garee biyyaalessichaa hundi fayyummaa gaarii irratti akka argaman Federeeshiniin Ispoortii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera. Gama biraatiin, leenjisaan lammii Zimbaabuwee waggaa 55 Kaalisto Paasuwaa tapha kanaaf taphattoota 23f waamicha taasisanii gareen isaanii qophii taasisaa tureera. Gareen Maalaawwii leenjii isaa isa dhumaa kaleessa Istadiyeemii Dirree Dawaatti gaggeesseera. Itiyoophiyaa fi Maalaawwiin kanaan dura taphoota dorgommii fi michuummaa irratti si'a 14 wal arganiiru. Waliyoonni si'a afur yoo mo'atan, Maalaawwiin si'a shan mo'ataniiru. Taphoota shanan hafan ammoo qixa ba'aniiru. Taphoota kanaan Itiyoophiyaan galchii 16 kan lakkoofsiste yoo ta'u, Maalaawwiin goolii 14 galchiteetti. Biyyonni lameen yeroo dhumaaf kan waliin taphatan dorgommii deebii Waancaa Afrikaa 34ffaa ammaan dura bara 2022 fi 2023 Kootdivaaritti gaggeeffameef darbuuf tapha gulaalli taasisaniinii ture. Taphoota gulaallii lameen keessaa Maalaawwiin tokko yoo mo'attu, tapha hafe irratti ammoo goolii malee qixa ba'aniiru. Itiyoophiyaan yeroo dhumaaf Maalaawwii kan mo'atte bara 2021 Istadiyeemii Baahir Daaritti tapha michuummaa taasifameen yoo ta'u, gareen biyyaalessaa yeroos galchii 4 fi 0n injifannoo galmeessisee ture. Biyyonni kunneen tapha isaanii jalqabaa A.L.I bara 1983 taasisan keessatti Maalaawwiin Itiyoophiyaa galchii 4 fi 0n mo'attee turte. Taphichi A.L.A. bara 1986 Waancaa Addunyaa FIFA 13ffaaf Meeksiikootti qophaa'e tapha calallii zoonii Afrikaa ture. Biyyonni lameen har'a si'a 15ffaaf waiin taphatu. Sadarkaa FIFA irratti Itiyoophiyaan sadarkaa 144ffaa, Maalaawwiin ammoo sadarkaa 127ffaa irratti argamu. Gareen Biyyaalessaa biyyoota lameenii tapha michummaa isaanii isa lammaffaa Waxabajjii 2 bara 2018 Istadiyeemii Dirree Dawaatti ni taasisu. Waliyoonni taphoota isaanii kanneen kan gaggeessan, guyyoota tapha garee biyyaalessaa Idil-Addunyaa FIFA fayyadamuun akka ta'e Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Dorgommiin walakkaa maaraatoonii Itiyoophiyaa boru Finfinneetti gaggeeffama
Jun 6, 2026 879
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Dorgommiin walakkaa maaraatoonii Itiyoophiyaa19ffaan boru Caamsaa 30 bara 2018 Finfinneetti gaggeeffama. Dorgommii kana ilaalchisuun federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa har’a miidiyaaleef ibsa kenneera. Dorgommii addababayii Masqalaarra eegalee aaddababayii Masqalaatti xumuramu irratti atileetonni dhiiraa 455, atileetonni dubartii 183 walumaa gala atileetonni 638 akka hirmaatan ibsa Kanaan eerameera. Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa komaandar atileeti Silashii Sihin kaayyoon dorgommichaa dorgommoo walakkaa maaraatooni Swiidinitti gaggeeffamuuf atileetota Itiyoophiyaa bakka bu’an filachuu fi bakka bu’oota horachuudha jedhaniiru.. Daarektarri bakka bu’aa dorgommii fi hirmaannaa federeeshinichaa obbo Gizee Adinoo gamasaaniin, atileetonni dorgommichaan sadarkaa 1ffaa amma 6ffaatti xumuran badhaafni maallaqaa, meedaaliyaa fi waancaa akka kennamuuf dubbataniiru. Baay’inni hirmaattota dorgommii baranaa kan bardheengaddaa waliin wal bira yoo qabamu atileetonni 434 akka dabalaman akka agarsiisu odeeffannoonfedereeshinichaa ni mul’isa.
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 5415
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani. Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Pirojektoonni Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Jun 6, 2026 1394
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Misooma qarqara lagaa fi misooma koriidaraa dabalatee, pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixinreeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa gumaacha jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa ibse. Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 53ffaaf, Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf kabajameera. Guyyaa kana sababeeffachuun hoggantoonni fi ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinneerraa walitti babahan pirojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo irraa hanga Qacaneetti hojjetame daawwataniiru. Pirojektiin kun dhiyeenya kana ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'uun isaanii ni yaadatama. Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka dubbatanitti; pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan hojiiwwan eegumsa naannoo akka milkaa'aniif gumaacha guddaa gumaacha jiru. Sagantaa misooma ashaaraa magariisaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol dhaabamuu isaanii yaadachiisanii; kunis faalama qilleensaa hir'isuu dabalatee bu'aawwan hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru. Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argattu kan taasise ta'uu ibsanii, sirna ikkooloojii naannoo fooyyessuu keessattis gahee adda duree taphachaa akka jiru ibsaniiru. Pirojektiin misooma qarqara lageenii hojiiwwan eegumsa naannoo bu'a-qabeessa taasisan keessaa isa tokko ta'uu eeranii; pirojektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qacanees agarsiiftuu adda dureedha jedhaniiru. Pirojektii kana keessatti mukkeen biyya keessaa dhaabamuu isaanii ibsanii, beekumsi eegumsa naannoo biyya keessaa kan Konsoo ashaaraan isaanii kan irra taa’e ta’uunsaa adda akka isa taasisu kaasaniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo fi misooma biroon kunneen Itiyoophiyaa biyya fakkeenyaan caqasamuu dandeessu taasisaa jiraachuu isaanii daarektarri kun addeessaniiru.
Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu ni dandeessisa
Jun 5, 2026 1324
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu kan dandeessisu ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ibsan. Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaa kan si’achiisan teeknooloojii geejjibaa, industirii, anniisaa qusatuu fi konkolaattota elektiriikii irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Haala Kanaan baasii wagga waggaan boba’aaf bahu hir’isuu fi sirna geejjibaa humna haaromfamuun durfamu ijaaruu kan dandeessisan tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa ifoomsiteetti. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ENAtti akka himanitti, tarsiimoon konkolaataa elektiriikii Itiyoophiyaan baafte hammattoo seeraa, seera idil addunyaa waliin kan wal simedha. Biyyoonni Afriikaa hedduun boba’aa alaa galurratti kan hirkatan waan ta’eef sharafa alaa guddaa akka baasan ibsanii, tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa baasii hir’isuurra darbee anniisaa amansiisaa dhiheessuudhaaf wabii ni ta’a jedhaniiru. Itiyoophiyaan cehumsi gara konkolaattota elektiriikiitti gochaa jirtu faalama qilleensaa hir’isuudhaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuudhaaf tattaaffii taasifamu akka deeggaru ibsaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaa amma 2030tti konkolaattota elektiriikii haaraa qabaattu keessaa dhibbantaa 30 kan ta’an biyya keessatti oomishuu fi walitti suphuuf karoorsuunshee walitti hidhamiinsa daldalaa Afrikaanota jidduu jiru ni cimsa jedhaniiru. Riijiniin daldala bilisaa Afriikaa jalqabamuunsaa cehumsa gara konkolaataa elektiriikiitti taasifamu ni si’achiisa kan jedhan daarektarichi, walitti hidhamiinsa daldalaa Ardii Afriikaa jiru akka si’achiisu ibsaniiru.
Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraati-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 5, 2026 1101
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Misoomni qarqara lagaa Finfinnee pirojektii faayidaa qarqara lageenii miidhagsuurra darbe kan qabu ta’uu ministirri muummee ergaasaatiin barreessaniiru. Tiraanisfoormeeshiniin magaalaa Inxooxxoo amma Piikook, akkasumas Inxooxxoorraa amma toora Qabbanaatti bal’inaan hojjetamu, lageenirraa amma meetura 50 kan fulla’u yoo ta’u, misooma kooriidaroota magariisaa, bakka ummanni itti wal gahu, daandiiwwan lafoo, bakkee bashannanaa fi bakkeewwan daldalaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, magaalattiis baay’ee kan jijjiire ta’uu beeksisaniiru. Barbaachisummaa pirojektii kana adda kan godhu faayidaa dinagdee fi hawaasummaa inni qabudha. Bifaa fi tajaajila qarqara lageenii fooyyessuurra darbee dameelee konistiraakshinii, injiinariingii, ijaarsa miidhagina teessuma lafaa, loojistiksii fi Kanaan walqabataniin, namoota hedduuf carraa hojii kan uume yoo ta’u, kontiraaktaroota biyya keessaa, dhiheessitootaa fi daldalootaafis carraa garagaraa mijeessuusaa eeraniiru. Hojiin irra caalaadhaan mahaandisoota biyya keessaatiin bocamuusaa fi hojiirra ooluunsaa, ogeeyyonni Itiyoophiyaa misooma magaalaa fi ijaarsa bu’ura misoomaarratti dandeettiin qaban guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Fulla’insi misoomichaa xiyyeeffannoon wal qixaa kan kennamuuf ta’uu eeranii, bakkeewwan Kanaan dura keemikaalonni summaawaa fi balfi itti gatamu, bakkeewwan hawaasa jiraattota qarqara lagaa balaa lolaaf saaxilan kunneen, yeroo ammaa bakka magariisaa, fayyaalessaa fi magaalaa jireenyaaf mijataa ta’etti jijjiiraa jiru jedhaniiru. Karaa wal fakkaatuun, bakkeewwan daldalaa fi bashannana ummataa qindaa’anii ijaaramuunsaanii, eegumsi naannoo fi guddinni dinagdee Kanaan dura waliin hin qindoofne jalaa bahanii qorannoo fi galma waloof tumsaan hojjechuu akka danda’an kan mirkaneessudha. Hojiin misoomaa si’ataan kun Finfinnee magaalaa magariisa, caalaatti kan walitti hidhamte , dinagdeen kan dammaqxee fi nama jiddugaleessa godhatte gochuuf carraashee egeree irratti bu’urri kan kaa’ame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee ergaasaaniin hubachiisaniiru.
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa'aniiru
May 28, 2026 4182
Caamsaa 20/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa’uu Biiroon Misooma Qonnaa Naannichaa beeksise. Akka Itti Gaafatamaa Itti Aanaa Biiroo Misooma Qonnaa Naannichaa obbo Nasraddiin Ahimad himanitti, Ganna bara kanaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun miiliyoona 1.7 ol ni dhaabama jedhani. Biqiltuu dhaabamuu qabu keessaa miiliyoona 1.5 ol biqiltuu kuduraafi muduraa fi bosona ta’uu ibsaniiru. Isaan keessaa kuma 200 ol biqiltuu nyaata beeyladaaf oolu ta’uus ibsaniiru. Hojiin naannichatti iddoowwan buufataalee biqiltoowwaniitti lammiilee hedduudhaaf carraa hojii akka uume eeraniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hanga ammaatti hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeessa akka ta’an kan eeran yoo ta’u,kunis uwwisa bosona naannichaa dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee fooyyessuu kan danda’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 8227
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 7503
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.