ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaa fi Zaambiyaan damee loltummaa irratti tumsaan waliin hojjechuuf walii galan
Dec 10, 2025 80
Mudde 01/2018(TOI)-Itiyoophiyaa fi Zaambiyaan damee waraanaa irratti tumsaan waliin hojjechuuf dhimmoota isaan dandeessisu irratti waliif mallatteessaniiru. Walii galtichi hariiroo yeroo dheeraa biyyoota gidduu ture cimsuu fi damee waraanaa adda addaatiin faayidaa waloo irratti hojjechuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera. Haaluma kanaan Itaamaajoor shuumiin walii galaa humnoota waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi Itaamaajoor shuumiin Waliigalaa Zaambiyaa Jeneraal Jeefri zi'eel gidduutti erga mari'ataniin booda hoggantoonni ittisaa sadarkaan jiranis waliigaltee kana mallatteessaniiru. Itiyoophiyaan nageenyaa naannawaa fi biyyootaa tasgabbeessuuf kutannoon kan hojjettu ta’uu himan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan. Hariiroo Zaambiyaa waliin jiru daran cimsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru. Leetanaan Jeefrii Zi’eel gama isaaniin, waliigalteen loltummaa biyyoonni lamaan mallatteessan tumsa fooyya’aa uumuun fayyadamummaa waloo caalmaatti guddisuuf shoora qabaachuu dubbataniiru. Hoggantoonni Raayyaa Ittisaa biyyoota lameenii waliigalticha kan mallatteessan yoo ta’u, kunis hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu fi dameewwan loltummaa adda addaan fayyadamummaa waloof hojjechuuf kan kaayyeffate ta'uu ibsameera.
Oomishtummaa beeyladaa guddisuuf sanyiiwwan fooyyessuun hojiiwwan bu’a qabeessi jalqabaman ciminaan itti fufu
Dec 10, 2025 54
Mudde 01/2018(TOI)- Hojiin bu’a qabeessummaa sanyiiwwan fooyyessuudhaan oomishaa fi oomishtummaa beeyladaa guddisuuf jalqabame cimee itti fufuu akka qabu itti aanaan daariktara Olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa doktar Daanyaachoo Bayyanaa ibsaniiru. Waggoota jijjiirama darban keessatti qabeenya damee qonnaa keessatti milkaa’ian gaariin akkuma argame, oomishtummaa beeyladaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus kan gaarii ta’uu ibsameera. Keessattuu erga maaddiin guutuu hojiirra oolee as oomishtummaan beeyladaa haalaan dabaluun jireenya namoota hedduu jijjiiruun, fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu akka danda’e hubatameera. Itti aanaan daariktara Olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa doktar Daanyaachoo Bayyanaa akka jedhanitti, inistituutichi loon maalaa dabalatee sanyiiwwan beeyladaa fooyya’aa oomishuun, bu’aawwan horii irraa argaman akka dabalu taasiseera. Keessattuu, sanyiiwwan biyya alaa oomisha olaanaa argamsiisuu danda’an saawwaniifi goromsawwan diqaalomsuun sanyiiwwan fooyya’oo ta’an horsiisaa jiraachuu himani. Kunis tikfattoonniifi qonnaan bultoonni sanyii beeyladaa fooyya’aa ta’e akka argatan kan taasise yoo ta’u, oomishni beeylada isaanii irraa argatan baay’inaafi qulqullinaan dabalaa akka jiru himaniiru. Sagantaan Maaddii Guutuu Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin hojiirra oole kanaaf xiyyeeffannoo guddaa argachaa jiraachuu eeraniiru. Gara fuuladuraattis tooftaa walhormaata namtolcheen diqaalomsuu, itti fayyadama teeknooloojiiwwan adda addaa, akkasumas leenjii ogeessotaaf ogummaa dabalataa kennuun cimee itti fufa jedhaniiru. Inistituutichi bara bajataa kanatti saawwaniifi goromsoota miliyoona 4.9 diqaalomsuuf karoora kan qabate yoo ta’u, karoora isaa galmaan ga’uuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera. Itti Gaafatamaan Giddugala Misooma Beeyladaa Hoolataa doktar Araarsaa Dhugumaa gama isaaniitiin, giddugalichi fayyadamummaa Itiyoophiyaan damee beeyladaa mirkaneessuuf hojjechaa jirtu galmaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Sanyiiwwan fooyyessuu, ogeessota leenjisuu fi nyaata beeyladaa oomishuu fi kanneen biroo irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugalichi goromsawwan fooyya’oo ta’an fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasisaa akka jirus eeraniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Naannoo Oromiyaarraa Bunni kuntaalli miiliyoona 18 Gabaa gidduu galeessaaf ni dhihaata
Dec 10, 2025 57
Mudde 1/2018 (TOI)-Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi Qulqullina Bunaa eegsisuun bara omishichaatti Bunni Kuntaalli miiliyoona18 gabaa gidduugaleessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse. Itti Gaafatamaan Biiroo Qonna Naannichaa Obbo Geetuu Gammachuu fi Hoggantoonni Godinichaa Godina Iluu Abbaa Boor Aanaawwan adda addaatti omisha bunaa walitti qabamaa jiru qabinsaa fi qulqullinasaa irra deemuun daawwataniiru. Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi qulqullina Bunaa fooyyessuun dorgomummaasaa fooyyessuuf innisheetiviin bocamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Omishtummaa bunaa guddisuuf muka bunaa dullooman gamashuu fi haaraan bakka buusuurra darbee, biqiltuuwwan bunaa omisha fooya’aa kennan qopheessuurratti xiyyeeffannoon kennameera. Kanaanis paakeejii misoomaa fi qulqullina bunaarratti ogeeyyii naannoo irraa hanga Aanaatti Jiranii fi Qonnaan Bulaan leenjii hubannaa kan argatan ta’uun beekameera. Itti gaafatamaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, akka jedhanitti, Naannichatti Misoomaa fi Qulqullina Bunaa eegsisuun bara Omishichaatti kuntaala miiliyoona 18 gabaa gidduu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira. Qulqullina Bunaa mirkaneessuuf asheeta Bunaa diimaa funaanuun fi sireerratti gogsuun kuusuu fi geejibsiisuun qisaasamni akka hin uumamnee hordoffiin taassifamaa jiraachuu kaasuun, hanga ammaatti kuntaala miiliyoona 8 walitti qabamuu ibsaniiru. Galii bunarraa argamu guddisuuf misooma bunaarra hanga omisha walitti qabuutti qulqullina Omishaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Godina Iluu Abbaa Booritti Lafa hektaara kuma 342 Bunaan Misoomuu fi kanarraas Callaan Bunni Tooniin Kuma 74 gabaa gidduugaleessaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godinichaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii ibsaniiru. Godinichatti Waldaaleen 22 hojii daldala bunaarratti bobba’uusaanii fi qulqullinasaaf xiyyeeffannoo akka kennaniif hubannaan isaaniif kennamuu hubachiisaniiru. Qulqullina omisha bunaa eegsisuun dingdee omishtootaa fi dhiheessitootaa guddisuuf Daldala seeraan Alaa to’achuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti Jiraataan Aanaa Mattuu Qonnaan bulaa Dassaalanyi Tafarii fi Gammachuu Takkaa gamasaaniin, Asheeta Bunaa Diimaa Funaanuun sireerratti gogsuun gabaaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa dhaabbilee irratti mudatan ciminaan balaaleffachuunii fi iitisuun milkaa’ina biyyoolessaa gurguddoo galmeessaa jira
Dec 10, 2025 68
Mudde 01/2018(TOI)- Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa dhaabbilee irratti mudatan ciminaan balaaleffachuunii fi iitisuun milkaa’ina biyyoolessaa gurguddoo galmeessaa jiraachuu itti aanaan Minitira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan. Guyyaan Farra Malaammaltummaa Idil-addunyaa 22ffaan mata duree "Dhaloota Naamusaan, Dhaabbata Hojmaataan” jedhuun yaadannoo Golambaa injifannoo Adawaatti kabajameera. Itti aanaan ministeera muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniin, malaammaltummaan sababa kufaatii naamusaa fi dadhabbina dhaabbilee ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gocha badaa kana ittisuuf bu’uura hammattoo seeraa fi dhaabbata diriirsuun waggoota kurnan lamaaf hojjechaa jirti jedhan. Erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee jalqabee, Koreen Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa hundeeffamuu dabalatee, adeemsa malaammaltummaa biyyaalessaa madaaluu, hubannoo uumuu, furmaata itti fufiinsa qabu adda baasuuf hojiiwwan hojjetamaa akka turan eeraniiru. Milkaa’inoonni biyyaalessaa galmaa’aa kan jiran, mootummaan ida’amuu malaammaltummaa mootummaa ciminaan balaaleffatu waan ta’eefidha jedhaniiru. Fakkeenyaaf, dhaabbileen haaromsa irratti xiyyeeffatan malaammaltummaa qolachaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa jajjabeessuun hojiiwwan badaa dafanii sirreessaa akka jiran wayita daawwannaan taasifame hubatamuu ibsaniiru. Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuramuun, dhaabbileen misoomaa bajata dhabanii kisaaraa keessa turan, hanqina baajata guutuun dhaabbileen misoomaa bu’aa argamsiisuun xumuramuu, kaffaltoonni gibiraa badhaasa argatan hundi isaanii malaammaltummaa jibbuun agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru. Qabeenyi mootummaa karaa malaammaltummaa fi yakkoota birootiin hatame,karaa hawaasa fayyaduun akka deebi’u haala dandeessisu uumuun labsiin qabeenya deebisuu kanaan dura hanqina qabu ture fooyya’uu isaa eeraniiru. Malaammaltummaa hambisuufi to’achuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeruun, akka fakkeenyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo(MESOB), iftoominaafi itti gaafatamummaa uumuun malaanmaltummaa ittisuuf shoora olaanaa qaba jedhani. Gama biraatiin malaammaltummaa ittisuuf furmaanni waaraa dhaloota namuusaan ijaaruufi lammiilee malaammaltummaa balaaleffatu uumuu akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Malaammaltummaan sadarkaa biyya diiguu irra gahee ture yeroo ammaa wal’aansoo cimaan dhaabsifneerra jedhani. Dhaloota namuusaan ijaaruu, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbilee ammayyeessuun, seera malaammaltummaa ittisuuf bahe kabachiisuuf hunduu kutannoo qabaachuu qaba jedhan.
Misoomni Koriidaraa magaalaa Jimmaa baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera
Dec 10, 2025 50
Mudde 01/2018(TOI)- Misoomni Koriidaraa magaalaa Jimmaa, magaalittii miidhagsuun baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera jedhe waajjirri turizimii magaalichaa. Magaalota misoomni koriidaraa keessatti bal’inaan adeemsifamaa jiru keessaa magaalaan Jimmaa ishee tokko yoo taatu, misoomni koriidaraa magaalittii miidhagsuun cinatti carraawwan hojii damee hedduu fidee dhufuu ibsameera. Misoomni koriidaraa magaalaa Jimmaatti hojjetame jiraattotaa fi turistootaaf haala mijataa kan uumedha jedhan itti gaafatamtuun waajjira turizimii magaalaa Jimmaa Roozaa Zaakir. Sababa misooma koriidaraan turistoonni biyya keessaafi biyya alaa dabaluu eeruun, bara darbe turistoota biyya alaa kuma tokkoo oltu magaalattii daawwate jedhan. Bara bajataa walfakkaataa kanattis turistoonni biyya keessaa fi alaa hedduun magaalaa Jimmaa kan daawwatan ta’uu eeruun, turistoonni kunniinis kan irratti xiyyeeffatan Masaraa Mootummaa Abbaa Jifaarii fi Hara Booyyee ta’uu ibsaniiru. Misoomni koriidaraa magaalittii miidhagsuun dabalatatti, magaalittiin giddugala konfiraansii akka taatu gargaareera jedhan. Misoomni koriidaraa dargaggoota suuraa kaasaniifis carraa hojii banuu ibsaniiru. Dargaggoonni kunniin turistoota misooma koriidaraa daawwatan suuraa kaasuun galii argachaa jiru. Misooma koriidaraa hordofee, naannoo daandiiwwan gurguddoo cinatti hojiiwwan bunaa fi shayee, dukkaana bu’aaleen mukaa itti gurguraman fi manneen nyaataatti nyaata ariifachiisaa hojjechuun fayyadamoo ta’aa kan jiranis hedduu akka ta’an himaniiru.
Siyaasa

Filannoon biyyoolessaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffama
Dec 9, 2025 306
Sadaasa 30/2018(TOI)-Filannoon Biyyoolessaa 7ffaan baranaa Caamsaa 24 bara 2018 akka gaggeeffamu Boordiin Filannoo biyyoolessaa beeksise. Boordiin filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf hojiiwwan haalduree filannoo duraa ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kenneera. Hoggantuun boordii filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu boordichi hojii filannoon duraa hanga ammaatti hojjetee fi dhimmoota Kanaan walqabatan ilaachisuun ibsa taassisaniiru. Filannoo biyyoolessaa 7ffaa gaggeessuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa turuu ibsaniiru. Waajjiraalee damee gurmeessuu fi buufanni filannoo Mijataa akka ta’u hojiin hojjetamuu ibsaniiru. Paartiileen siyaasaa sagantaasaanii ummatatti akka beeksisaniif leenjiin kennameera. Galmeen kaadhimamtootaa karaa sooftiweerii akka gaggeeffamu ibsaniiru. Kanaafis paartiileen yookiin dhuunfaan kan dorgoman of galmeessuuf akka hojjetan ibsuun, kanaafis boordichi leenjii kennuu dubbataniiru. Akkasumas warri filatan sooftiweerii boordichaan misoomeenii fi hojmaata ammaan dura tureen galmee akka gaggeessan dubbataniiru. Filattoonni odeeffannoo galmeef dhiheessan haaluma ammaan duraan kan itti fufu ta’uu beeksisaniiru. Eeyyama taajjabdummaa warra gaafataniif sooftiweerii Boordichi hojjeteen kennuuf adeemsa dhumaarra jiraachuu dubbachuun, Caamsaa 24 bara 2018 guyyaa sagaleen kennamu ta’uu eeraniiru. Wantoota kanaaf gargaaran ilaalchisee marii fuulduratti qabaniin qaamolee qooda fudhattoota dhimmichi ilaallatu waliin mariin akka gaggeeffamu dubbataniiru.
Paartiin Dimokiraatawaa Simirat Tigiraay (smrt) paartii naannoo ta’uun waraqaa ragaa fudhate
Dec 9, 2025 187
Sadaasa 30/2018(TOI)-Boordiin filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa Paartii Simirat Tigiraayii (SMRT)’f waraqaa ragaa paartii naannoo kenneera. Boordichi bu’uura Aangoo labsiin kennameefiin Paartii Simiratiif waraqaa ragaa seera qabeessa Paartii siyaasaa sadaasa 29 bara 2018 kennuu beeksiseera. Paartiin Dimokiraatawaa Tigiraay Simirat (smrt) yaa’ii hundeeffamasaa Onkoloolessa 14 bara 2014 Magaalaa Finfinneetti gaggeessuunsaa ni yaadatama. Pirezidaantiin Paartichaa Geetaachoo Raddaa Haasaa baninsa yaa’ichaarratti taasisaniin, Partichi ummanni Tigiraay dhiibbaa ABUT isa irraan gahaa jiru karaa nagaan qabsa’uuf kan hundeffame ta’uu dubbataniiru.
Naannoo Harariitti hojii nagaa fi tasgabbii cimsuun itti fufa – Itti Aantuu Bulchaa Roozaa Umar
Dec 9, 2025 155
Sadaasa 30/03/2018(TOI)- Naannoo Harariitti hojii nagaa fi tasgabbii cimsuu ittifufa jechuun Itti Aantuun Bulchaa Naannichaa Roozaa Umar dubbatan. Gidduu gala leenjii Ajaja Bahaa qaamolee nageenyaa Naannoo Hararii leenjii fudhachaa turan har’a eebbifamaniiru. Itti Aantuun Bulchaa Naannichaa Roozaa Umar sirna eebbaa sanarratti argamuun akka jedhanitti, naannichatti nagaa fi tasgabbii cimsuurratti hojiin bu’aa qabeessi raawwatameera. Kanaafis qaamoleen nageenyaa ummataa fi gurmaa’insootni nageenyaa hojii qindoominaan hojjetan qooda olaanaa gumaachuu dubbataniiru. Misoomaa fi guddina caalaatti dagaagsuu hojiiwwan eegalaman cimanii akka itti fufan Aadde Roozaan ibsaniiru. Raayyaa ittisa biyyaatti Ajajni Bahaa birmadummaa biyyaa fi nageenya uummataa eeguuf ergamasaa ciminaan bahaa jira jechuun Itti Aanaan Iizzii Bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee ibsaniiru. Keessumaa Iizzichi qaxanichatti tasgabbii fi misooma dabalatee dameelee hundaan hojiin raawwatan bu’aa argamsiisaa jira jedhaniiru. Iizzichi hojii hojjechaa jiru gara fuulduraattis cimsee akka ittifufu mirkaneessaniiru. Raayyaa Ittisa biyyaatti Iizziin Bahaa qaamolee nageenyaa naaannichaaf leenjii kennuun deeggarsa taassisaniif Itti Gaafatamaan Biiroo Nagaa fi Tasgabbii Naannichaa Obbo Toofiiq Mahaammad galateeffataniiru. Saganticharratti Qondaaltonni Olaanoon waraanaa Raayyaa ittisa biyyaa Ajaja Bahaa Somaalee, Hoggantoonni Olaanoon Naannoo Hrarii fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Yeroon Filannoon waliigalaa 7ffaa baranaa itti gaggeeffamu ifoome
Dec 9, 2025 201
Sadaasa 30/2018(TOI)- Boordiin filannoo biyyaalessaa yeroo filannoon waliigalaa 7ffaa baranaa itti gaggeeffamu ifoomseera. Haala Kanaan filannoo walii galaa 7ffaaf guyyaan sagaleen itti kennamu Caamsaa 24 bara 2018 ta’uu beeksiseera.
Itiyoophiyaa Misoomte, Kabajamtee fi Sodaatamte ni cimsina–Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Dec 8, 2025 378
Sadaasa 29/2018(TOI)-Tokkummaa sab-daneessummaa keenya bu’uura haqaa, wal-qixxummaan irratti ijaaruun Itiyoophiyaa Laliste, Kabajamtee fi sodaatamte Cimsuu qabna jedhuun ibsan Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyasa 20ffaan mata duree “walii galteen Dimokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf“ jedhuun bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti har’a kabajameera. Pirezidaant Taayyee Atsqsillaasee fuula Miidiyaa X (tiwuuterii)isaanniin ibsaniin, baga guyyaa sabootaa, sablammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa yeroo 20ffaanf mata duree “walii galteen Dimokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf ” jedhuun kabajamuun isin gahe jedhaniiru. Tokkummaa sab-daneessummaa keenya bu’uura Haqaa fi wal-qixxummaarratti hundeessuun Itiyoophiyaa Laliste, Kabajamtee fi sodaatamte cimsina jechuun waamicha dhiheessaniiru.
Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa 20ffaan misiyoonota Itiyoophiyaa Ala jiraniin kabajame
Dec 8, 2025 238
Sadaasa 29/03/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan Imbaasiiwwanii fi qonsilaawwan Itiyoophiyaa Ala jiraniin kabajameera. Ayyaanichi Mata duree “waliigaltee demokiraatawaan tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun kabajamaa jira. Sirna kabajaa kanarratti, hoggantoonni misiyoonotaa, Dippiloomaatotaa fi hojjettoonni, Abbootiin Amantaa , bakka bu’oonni hawaasaa fi keessummoonni biroon argamaniiru. Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaan Fakkeenya heddumminaa fi tokkummaa sab-daneessummaa haala mul’iseen kabajameera. Nyaataa fi Uffannaan aadaa Itiyoophiyaa agarsiisaaf kan dhihaate yoo ta’u, sirboonnii sabotaa, sablammootaa fi shubbisawwan aadaa taatteewwan itti agarsiifaman dhihaataniiru. Ayyaanichi biyyootaa Chaayinaa, Ameerikaa, Jarman Emereetota Araboota Gamtoomanitti, Sawudi Arabiyaa Kuwaaterii fi Sudaan Kibbaa, Beljiyeem, Paakistaan , Kootdivaarii fi Siwiidin, Ripaabilika Kooriyaa , Afriikaa Kibbaa, Awustiraaliyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa, Jibuutii, Keeniyaa fi Somaaliyaatti biyyoota guyyichi itti kabajamee oole keessaa ta’uu ibsaniiru. Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “walii galtee Dimokiraatawaa tokkummaa sab- daneessummaaf “ jedhuun bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Naannoo Gidduu galeessa itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti har’a kabajameera.
Ayyaanichi Waggoottan jijjiiramaa darban tokkummaa sab-daneessummaa Uummattootaa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun qooda olaanaa gumaacheera- Afa yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Dec 8, 2025 208
Sadaasa 29/03/2018(TOI)- Ayyaanichi waggoottan jijiiramaa darban tokkummaa sabdaneessummaa Uummattootaa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun misooma fulla’aa fi badhaadhina hunda galeessa saffisiisuuf qooda olaanaa gumaachuusaa Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashagar ibsan. Guyyaan Sabootaa, Sab-lammootaa fi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaanMata duree “waliigaltee demokiraatawaan tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Naannoo gidduugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira. Ayyaanicharratti ergaa kan dabarsan Af-yaa’iin mana maree Federeeshiinii Aganyoo Tashaagar, Manni marichi guyyaa sabootaa,sab-lammootaa fi ummattootaa akka kabajamu yeroo murteessu sabaa fi sab-lammoonni akka wal beekan, duudhaa Aadaa fi muuxannoo gaarii isaanii akka wal-jijjiiranii fi tokkummaa Dimokiraatawaa sab-daneessummaa akka cimsaniif ta’uu ibsaniiru. Nageenya fulla’aa, ijaarsa mootummaa biyyaa fi misoomaaf waloon akka dhaabbataniif gochuuf ta’uu dubbataniisu. Waggoottan 19n darban qindeessummaa mana maree Federeeshiitiin Naannoolee fi bulchiinsota magaalotaa adda addaatti kabajamaa turuu yaadachuun Afa-Yaa’iin kunis tokkummaa sab-daneessumma biyyoolessaarrati bu’aan akka galmaa’an dandeessisuu dubbataniiru. Keessumaa waggoottan jijiiramaa daraban tokkummaa biyyoolessaa ummataa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun ijaarasa Mootummaa,misooma fulla’aa fi badhaadhina hunda galeessa saffisiisuuf qooda olaanaa gumaachuu ibsaniiru. Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa bara kanaa, bu’aa seenessa waloo kan ta’e Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa yeroo xumurametti kan kabajamu ta’uu fi pirojektoonni gurguddoon imala bayyanachuu Itiyoophiyaa dhugoomsuu dandeessisan yeroo eegalamanitti kan kabajamu ta’uun adda isa taassisa jedhaniiru. Guyyaan Sabootaa, Sab-Lammootaa fi uummattootaa 20ffaan tokkummaa sab- daneessummaan dammaqee, hedduummina Addunyaattti kan argisiisnudha kan jedhan Af-yaa’iin kun, eenyummaan hundi qixa kan itti keessummeeffamu, adeemsa sirna federaalizimii dhugaa ijaaruun keessa ta’uu keenya kan itti argisiisnudha jedhaniiru. Bara quucaruu irraa gara bayyanachuutti, yaaddooraa gara dadammaqinaatti, dukkanaa gara Abdii ifaati, ta’uu kan argisiisnu dha jedhaniiru ergaasaanin. Guyyichi kabajamuun , wal-deeggaruun, wal-qixxummaanii fi tokkummaan jiraachuun, waadaa waloon misoomuu keenya guuyyaa itti haaromsinu ta’uu qaba jedhaniiru. Eenyummaa Itiyoophiyuummaa keenya waloo kana cimsuu fi waloooma hawaasaa baroota dheeraa akka eegametti itti fufsiisuuf seenessa hammataa sab-daneessummaa biyyoolessaa ijaaruun akka barbaachisu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa dhaabbilee irratti mudatan ciminaan balaaleffachuunii fi iitisuun milkaa’ina biyyoolessaa gurguddoo galmeessaa jira
Dec 10, 2025 68
Mudde 01/2018(TOI)- Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa dhaabbilee irratti mudatan ciminaan balaaleffachuunii fi iitisuun milkaa’ina biyyoolessaa gurguddoo galmeessaa jiraachuu itti aanaan Minitira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan. Guyyaan Farra Malaammaltummaa Idil-addunyaa 22ffaan mata duree "Dhaloota Naamusaan, Dhaabbata Hojmaataan” jedhuun yaadannoo Golambaa injifannoo Adawaatti kabajameera. Itti aanaan ministeera muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniin, malaammaltummaan sababa kufaatii naamusaa fi dadhabbina dhaabbilee ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gocha badaa kana ittisuuf bu’uura hammattoo seeraa fi dhaabbata diriirsuun waggoota kurnan lamaaf hojjechaa jirti jedhan. Erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee jalqabee, Koreen Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa hundeeffamuu dabalatee, adeemsa malaammaltummaa biyyaalessaa madaaluu, hubannoo uumuu, furmaata itti fufiinsa qabu adda baasuuf hojiiwwan hojjetamaa akka turan eeraniiru. Milkaa’inoonni biyyaalessaa galmaa’aa kan jiran, mootummaan ida’amuu malaammaltummaa mootummaa ciminaan balaaleffatu waan ta’eefidha jedhaniiru. Fakkeenyaaf, dhaabbileen haaromsa irratti xiyyeeffatan malaammaltummaa qolachaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa jajjabeessuun hojiiwwan badaa dafanii sirreessaa akka jiran wayita daawwannaan taasifame hubatamuu ibsaniiru. Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuramuun, dhaabbileen misoomaa bajata dhabanii kisaaraa keessa turan, hanqina baajata guutuun dhaabbileen misoomaa bu’aa argamsiisuun xumuramuu, kaffaltoonni gibiraa badhaasa argatan hundi isaanii malaammaltummaa jibbuun agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru. Qabeenyi mootummaa karaa malaammaltummaa fi yakkoota birootiin hatame,karaa hawaasa fayyaduun akka deebi’u haala dandeessisu uumuun labsiin qabeenya deebisuu kanaan dura hanqina qabu ture fooyya’uu isaa eeraniiru. Malaammaltummaa hambisuufi to’achuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeruun, akka fakkeenyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo(MESOB), iftoominaafi itti gaafatamummaa uumuun malaanmaltummaa ittisuuf shoora olaanaa qaba jedhani. Gama biraatiin malaammaltummaa ittisuuf furmaanni waaraa dhaloota namuusaan ijaaruufi lammiilee malaammaltummaa balaaleffatu uumuu akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Malaammaltummaan sadarkaa biyya diiguu irra gahee ture yeroo ammaa wal’aansoo cimaan dhaabsifneerra jedhani. Dhaloota namuusaan ijaaruu, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbilee ammayyeessuun, seera malaammaltummaa ittisuuf bahe kabachiisuuf hunduu kutannoo qabaachuu qaba jedhan.
Ayyaanni jijjiirama waggaa haaraa Walaayittaa “Giifaataa”n hambaa addunyaa ta’uun galmaa’e
Dec 10, 2025 41
Mudde 1/2018(TOI)-Feestivaaliin wagga haaraa ummata Walaayittaa Gifaataan hambaa dhala namaa bakka bu’u ta’uun Yuneeskootti galmaa’e. Yaa’ii koree eegumsa hambaalee kiliyyaa Yuneeskoo 20ffaa Hindi, Niwu Deelhiitti gaggeeffamaa jirurratti jijjiiramni wagga haaraa Walaayittaa “Giifaataa”n Yuuneeskootti akka galmaa’u akkaataa gaaffii Itiyoophiyaan dhiheessiteen hambaa addunyaa ta’uun galmaa’eera. "Giifaataa"n ayyaana guddaa ummata Walaayittaa biratti iddoon guddaan kennamuuf yoo ta’u, dhalootarraa dhalootatti darbaa kan dhufe ibsituu eenyummaa kan ta’e barri moofaan darbuusaa fi barri haaraa kan itti jalqabu cehumsa bara haaraati. Giifaataan umurii, saala, amantaa ykn sadarkaa hawaasummaa kamiyyuu osoo adda hin baasiin nageenyaa fi walitti hidhamiinsa hawaasummaa hundaaf gumaacha taasisuun dameelee Yuuneeskootti adda baafaman kan of keessatti qabatu hojiilee hunda hamate jajjabeessuun kan kabajamu ta’uunsaa hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’u isa taasiseera.
Qabeenya uumamaa dilbii godinichaa turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalameera
Dec 9, 2025 159
Sadaasa 30/2018(TOI)- Qabeenya uumamaa dilbii naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalamuu bulchiinsi godinichaa beeksise. Bakkeewwan turizimii dilbii bakka garagaraatti argaman misoomsuun hojiirra oolchuun dameen turizimii dadammaqaa dhufuun ni beekama. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mata duree “guddina dameelee ija mootummaa ida’amuutiin” jedhuun hoggantoota olaanoo paartii badhaadhinaaf leenjii wayita kennan”turizimii hambaarraa gara cireetti haa jijjiirru, hambaan waan jiruuf qofa turistiin dhufe hin ilaalu, baasii baasuuf baasii baasuuf tajaajila madaalu barbaada, caalaa misoomsuutu eegama” jedhanii ture. Ministirri muummee waltajjii Kanarratti bakki turizimii sadarkaa godinaatti tokko jiraachuu akka qabu kallattii kan kaa’an yoo ta’u hundi dandeettii turizimii dilbii naannawasaa jiru adda baasee misoomsuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Bulchaan godina Shawaa Bahaa Abbaabbuu Waaqoo dhimma kanarratti TOI waliin turtii taasisaniin, hawattoota turizimii godinichatti turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalameera jedhaniiru. Godinichi haroo Basaqaa, qooqaa fi Baatuu dabalatee haroowwan biroo kan qabu ta’uu dubbatanii, haroowwanitti marsee akkasumas naannawa haroowwaniitti hojiin misoomaa eegalamaniiru jedhan. Keessumaa haroo Qooqaarratti bu’ura misoomaa diriirsuu fi ijaarsi dhaabbilee tajaajila kennanii raawwatamaa kan jiran yoo ta’u kanaanis namoota hedduuf carraa hojii uumuusaa himaniiru. Harookana bakka turizimii mijataa gochuuf hojiileen ijoo xumuramanii tajaajila kennuu eegaluu eeranii haroowwan biroorrattis itti fufa jedhaniiru.
Akkaataa Vaayirasii Maarbargi ittiin ofirraa ittisuun danda’amu
Dec 9, 2025 117
Ergaawwan ofeeggannoo qama dhimmi ilallatuun darban sirnaan hojiirra ooluun Vaayirasii Maarbargirraa ofeeguun akka barbaachisu gorsaan olaanaa ministira fayyaa Dr. Aschaaloo Warquu TOT’f ibsaniiru. Ofeeggannoowwan armaan gaditti tarreeffaman sirnaan hojiirra oolchuun tamsaasa Vaayirasichaa akkasumas Vaayirasichaan qabamuu dhabuu jalaa bahuun akka danda’amu hubachiisaniiru. Vaayirasiin Maarbargii attamiin nama mudata? • Dhukkubni Vaayirasii Marbargi sababa Vaayirasiitiin mudata. Attamiin namatti darba? • Irra caalaa dhangala’aa qama nama vaayirasichaan dhukkubsate keessaa bahuun akkasumas tuttuqaa qaamaatiin nama dhibeen kun jirurraa nama fayyaatti ni darba. Vaayirasii Marbargi attamiin ofirraa ittisuun danda’ama? • Qaamaan wal tuquu dhiisuun, • Qulqullina harkaa eeguu(bishaanii fi saamunaan dhiqachuu ykn Saaniitaayizariitti fayyadamuu), • Qulqullina harka ofii osoo hin eeggatiin kutaalee qaamaa garagaraa tuttuquurraa of qusachuu, • Namni dhukkubni itti dhaga’ame namoota biro fi maatiirraa adda baafamuun hatattamaan dhaabbata fayyaa dhihootti argamu dhaquu • Tuttuqaarraa of qusachuun dhukkubni akka daddarbu wantoota taasisanirraa fagaachuu, • Bakka namni itti baay’atu kanneen akka geejjibaa, bakkeewwan amantaa fi hojii qaamaan osoo wal hintuqiin tajaajila kennuu fi argachuu.
Diinagdee
Oomishtummaa beeyladaa guddisuuf sanyiiwwan fooyyessuun hojiiwwan bu’a qabeessi jalqabaman ciminaan itti fufu
Dec 10, 2025 54
Mudde 01/2018(TOI)- Hojiin bu’a qabeessummaa sanyiiwwan fooyyessuudhaan oomishaa fi oomishtummaa beeyladaa guddisuuf jalqabame cimee itti fufuu akka qabu itti aanaan daariktara Olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa doktar Daanyaachoo Bayyanaa ibsaniiru. Waggoota jijjiirama darban keessatti qabeenya damee qonnaa keessatti milkaa’ian gaariin akkuma argame, oomishtummaa beeyladaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus kan gaarii ta’uu ibsameera. Keessattuu erga maaddiin guutuu hojiirra oolee as oomishtummaan beeyladaa haalaan dabaluun jireenya namoota hedduu jijjiiruun, fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu akka danda’e hubatameera. Itti aanaan daariktara Olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa doktar Daanyaachoo Bayyanaa akka jedhanitti, inistituutichi loon maalaa dabalatee sanyiiwwan beeyladaa fooyya’aa oomishuun, bu’aawwan horii irraa argaman akka dabalu taasiseera. Keessattuu, sanyiiwwan biyya alaa oomisha olaanaa argamsiisuu danda’an saawwaniifi goromsawwan diqaalomsuun sanyiiwwan fooyya’oo ta’an horsiisaa jiraachuu himani. Kunis tikfattoonniifi qonnaan bultoonni sanyii beeyladaa fooyya’aa ta’e akka argatan kan taasise yoo ta’u, oomishni beeylada isaanii irraa argatan baay’inaafi qulqullinaan dabalaa akka jiru himaniiru. Sagantaan Maaddii Guutuu Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin hojiirra oole kanaaf xiyyeeffannoo guddaa argachaa jiraachuu eeraniiru. Gara fuuladuraattis tooftaa walhormaata namtolcheen diqaalomsuu, itti fayyadama teeknooloojiiwwan adda addaa, akkasumas leenjii ogeessotaaf ogummaa dabalataa kennuun cimee itti fufa jedhaniiru. Inistituutichi bara bajataa kanatti saawwaniifi goromsoota miliyoona 4.9 diqaalomsuuf karoora kan qabate yoo ta’u, karoora isaa galmaan ga’uuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera. Itti Gaafatamaan Giddugala Misooma Beeyladaa Hoolataa doktar Araarsaa Dhugumaa gama isaaniitiin, giddugalichi fayyadamummaa Itiyoophiyaan damee beeyladaa mirkaneessuuf hojjechaa jirtu galmaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Sanyiiwwan fooyyessuu, ogeessota leenjisuu fi nyaata beeyladaa oomishuu fi kanneen biroo irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugalichi goromsawwan fooyya’oo ta’an fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasisaa akka jirus eeraniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Naannoo Oromiyaarraa Bunni kuntaalli miiliyoona 18 Gabaa gidduu galeessaaf ni dhihaata
Dec 10, 2025 57
Mudde 1/2018 (TOI)-Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi Qulqullina Bunaa eegsisuun bara omishichaatti Bunni Kuntaalli miiliyoona18 gabaa gidduugaleessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse. Itti Gaafatamaan Biiroo Qonna Naannichaa Obbo Geetuu Gammachuu fi Hoggantoonni Godinichaa Godina Iluu Abbaa Boor Aanaawwan adda addaatti omisha bunaa walitti qabamaa jiru qabinsaa fi qulqullinasaa irra deemuun daawwataniiru. Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi qulqullina Bunaa fooyyessuun dorgomummaasaa fooyyessuuf innisheetiviin bocamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Omishtummaa bunaa guddisuuf muka bunaa dullooman gamashuu fi haaraan bakka buusuurra darbee, biqiltuuwwan bunaa omisha fooya’aa kennan qopheessuurratti xiyyeeffannoon kennameera. Kanaanis paakeejii misoomaa fi qulqullina bunaarratti ogeeyyii naannoo irraa hanga Aanaatti Jiranii fi Qonnaan Bulaan leenjii hubannaa kan argatan ta’uun beekameera. Itti gaafatamaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, akka jedhanitti, Naannichatti Misoomaa fi Qulqullina Bunaa eegsisuun bara Omishichaatti kuntaala miiliyoona 18 gabaa gidduu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira. Qulqullina Bunaa mirkaneessuuf asheeta Bunaa diimaa funaanuun fi sireerratti gogsuun kuusuu fi geejibsiisuun qisaasamni akka hin uumamnee hordoffiin taassifamaa jiraachuu kaasuun, hanga ammaatti kuntaala miiliyoona 8 walitti qabamuu ibsaniiru. Galii bunarraa argamu guddisuuf misooma bunaarra hanga omisha walitti qabuutti qulqullina Omishaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Godina Iluu Abbaa Booritti Lafa hektaara kuma 342 Bunaan Misoomuu fi kanarraas Callaan Bunni Tooniin Kuma 74 gabaa gidduugaleessaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godinichaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii ibsaniiru. Godinichatti Waldaaleen 22 hojii daldala bunaarratti bobba’uusaanii fi qulqullinasaaf xiyyeeffannoo akka kennaniif hubannaan isaaniif kennamuu hubachiisaniiru. Qulqullina omisha bunaa eegsisuun dingdee omishtootaa fi dhiheessitootaa guddisuuf Daldala seeraan Alaa to’achuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti Jiraataan Aanaa Mattuu Qonnaan bulaa Dassaalanyi Tafarii fi Gammachuu Takkaa gamasaaniin, Asheeta Bunaa Diimaa Funaanuun sireerratti gogsuun gabaaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Misoomni Koriidaraa magaalaa Jimmaa baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera
Dec 10, 2025 50
Mudde 01/2018(TOI)- Misoomni Koriidaraa magaalaa Jimmaa, magaalittii miidhagsuun baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera jedhe waajjirri turizimii magaalichaa. Magaalota misoomni koriidaraa keessatti bal’inaan adeemsifamaa jiru keessaa magaalaan Jimmaa ishee tokko yoo taatu, misoomni koriidaraa magaalittii miidhagsuun cinatti carraawwan hojii damee hedduu fidee dhufuu ibsameera. Misoomni koriidaraa magaalaa Jimmaatti hojjetame jiraattotaa fi turistootaaf haala mijataa kan uumedha jedhan itti gaafatamtuun waajjira turizimii magaalaa Jimmaa Roozaa Zaakir. Sababa misooma koriidaraan turistoonni biyya keessaafi biyya alaa dabaluu eeruun, bara darbe turistoota biyya alaa kuma tokkoo oltu magaalattii daawwate jedhan. Bara bajataa walfakkaataa kanattis turistoonni biyya keessaa fi alaa hedduun magaalaa Jimmaa kan daawwatan ta’uu eeruun, turistoonni kunniinis kan irratti xiyyeeffatan Masaraa Mootummaa Abbaa Jifaarii fi Hara Booyyee ta’uu ibsaniiru. Misoomni koriidaraa magaalittii miidhagsuun dabalatatti, magaalittiin giddugala konfiraansii akka taatu gargaareera jedhan. Misoomni koriidaraa dargaggoota suuraa kaasaniifis carraa hojii banuu ibsaniiru. Dargaggoonni kunniin turistoota misooma koriidaraa daawwatan suuraa kaasuun galii argachaa jiru. Misooma koriidaraa hordofee, naannoo daandiiwwan gurguddoo cinatti hojiiwwan bunaa fi shayee, dukkaana bu’aaleen mukaa itti gurguraman fi manneen nyaataatti nyaata ariifachiisaa hojjechuun fayyadamoo ta’aa kan jiranis hedduu akka ta’an himaniiru.
Jiddu galeessi qorannichaa sanyii Qamadii fooyya’aa qorannoon argaman baay’isee qonnaan bulaa biraan gahaa jira
Dec 10, 2025 40
Mudde 1/2018(TOI)-Jiddu galeessi qorannoo qonnaa Qulumsaa sanyii Qamadii fooyya’aa qorannoon argaman baay’isee qonnaan bulaa biraan gahaa jiraachuu beeksise. Sanyiin Qamadii qorannoon argaman hektaara tokkorraa kuntaalli 72 akka argamu beekameera. Daarektarri jiddugaleessa qorannichaa obbo Shimallis Alamaayyoo TOI’tti akka himanitti, jiddugaleessichi qindeessaa biyyaalessaa qorannoo Qamadii ta’ee hojjechaa jira. Sanyii Qamadii fooyya’aa “Malkaa, Guutuu, Asgorii, Dakaa fi maqaa biraatiin moggaafaman baay’isuun qonnaan bulaaf dhiheessuurratti akka argamu ibsaniiru. Sanyiiwwan Qamadii qorannoon argaman dhukkuboota waagii bifa keelloo fi mataa Qamadii gogsu damdamachuun sanyii Qamadii idilee caalaa oomisha guddaa kennuu akka danda’an qorannoon mirkaneessuusaanii himaniiru. Sanyiin Qamadii fooyya’an kun jiddu galeessichatti heektaara tokko irraa kuntaala 72, oyiruu qonnaan bulaarratti ammoo kuntaalli 61 akka argamu dubbataniiru. Jiddu galeessichi amma ammaattis sanyii Qamadii 113 qornnoodhaan baasuun fayyadamtootaan gahuusa dubbataniiru. Kana maleesa jiddugaleessota qorannoo qonnaa Warar fi Bishooftuu waliin ta’uun sanyii Qamadii Makaroonii fi Paastaa “Duram” jedhaman qorannoon argachuusaa kaasaniiru. Jiddugaleessi qorannoo qonnaa sanyiiwwan Qamadii qorannoon baasu qonnaan buloota biraan gahuu cimsee itti fufuusaa beeksisaniiru. Jiddu galeessi qorannichaa inisheetiivota dame qonnaan hojiirra oolfamaa jiranii fi adeemsa cehumsaa adda durummaan teeknooloojii fi hojmaata haaraan deeggaraa jira jedhaniiru. Dabalataanis sanyiiwwan Qamadii oomisha olaanaa kennan qorannoon baasuun baayisee sanyii bu’uraa dhiheessaa akka jiru ibsaniru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Mootummaan Ida’amuu dhaqqabamummaa Digiitaalaarraa gara badhaadhina walootti imala egalame milkeessuuf ciminaan ni hojjeta-Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Dec 9, 2025 128
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Mootummaan ida’amuu dhaqqabamummaa Dijiitaalaarraa imala gara Badhaadhina walootti eegalame milkeessuuf, Kalaquun, saffisuu fi guddina Ariifataan fiduuf ciminaan akka hojjetamu Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa mataduree “Dinagdee Dijiitaalaa Ijaaruun filannoo osoo hin ta’iin caalmaadha”jedhuun fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin ergaa har’a dabarsaniin, har’a yaa’ii kaffaltii Dijiitaalaa Itiyoophiyaa ifatti eegalchiisuusaanii ibsaniiru. Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’aa qabeessummaan hojiirra ooluun, lammiileef tajaajila si’ataa, fi baasii qusatu dhaqqabamaa taassisuun olitti, sochii jireenyaa guyyaa guyyaa salphisuurratti akka argamu dubbataniiru. Dabalataanis sirna gurgurtaa elektiroonikii fi Dijiitaalaa daandii kaffaltii filatamaa akka ta’u dandeessisuu dubbataniiru. Kunis jireenya ummataa fi tajaajila mootummaa filannoon olitti caalmaa kan qabu akka ta’u ni dandeessisa jedhaniiru. Sirna kaffaltii dijiitaalaa waggoottan shanan darban diriirfaman keessatti waggaa waggaan daddabarsi birrii Tiriiliyoona 18 tuqaa 5 ol raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Milkaa’ina kana caalaatti itti fufsiisuun taarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 badhaadhina hunda galessa milkeessuuf qabate yeroo dhihoo mana maree Ministeerotaan ragga’uusaa yaadachiisaniiru. Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa Dijiitaalaa cimsuu, dhaqqabamummaa qofa osoo hin ta’iin fayyadamummaa babal’isuuf dandeettii gabbisuu fi kalaqa rakkoo furu jajjabeessuuf kan kaayyeffate ta’uu eeruun milkaa’inasaaf huundinuu qoodasaa bahu akka qabu hubachiisaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Mootummaa Ida’amuu dhaqqabamummaa Diliitaalaarraa Imala gara badhaadhinaa eegalle milkeessuuf qajeeltoowwanKalaquun, saffisuu fi guddina galmaga’uuf ni tatttaafata jechuun ibsaniiru.
Gidduu galichi Midhaan Omishtummaansaanii qorannoon mirkanaa’e beeksisaa jira
Dec 9, 2025 86
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Gidduugalli qorannoo Qonnaa Asoosaa omishtummaansaanii qorannoon kan mirkanaa’e sanyii Bisingaa fi Atooboonsituu beeksisaa jira. Gidduugalichattii fi ooyruu qonnaan bulaarratti sanyii Bisingaa fi Atooboonsituu kilaastaraan omishuun hojiin beeksisuu hojjetamaa jiraachuu Daaraktarri Gidduugalichaa Dastaa Baqqalaa TOI’f ibsaniiru. Bu’uuruma Kanaan gidduugala qorannichaatti lafa hektaara 81 irratti bisingaan kilaastaraan misoomaa jiraachuu eeraniiru. Sanyiiwwan bisingaa qorannoon fooya’ana “Asoosaa tokko” fi “Asoosaa lama” kan jedhaman ooyruu qonnaan bulaarratti hektaararraa omisha hanga kuntaala 35 akka kennan eeraniiru. Gama biroon Godina Asoosaa Aanaawwan adda addaatti lafa hektaara 32 ol irratti midhaan Atoo boonsituun kilaasteraan misoome qonnaan bulaan barsiifamaa jira. Hanga ammaatti faayidaarra oolaa kan jiru sanyiin Atoo boonsituun Gishaamaa sanyiin bakka bu’an “Andinat” fi “Xaanaa balas “ kan jedhaman barakana misoomsuun qonnaan bulaa beeksisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sanyiiwwan Atoo boonsituu kun yeroo gidduu galeessaatti kan gahan , omishtummaan saanii kan mirkanaa’e, olka’insa galaanarraa meetira 700 hanga kuma 1 fi 860 olitti kan madaqanii fi dhukkuba dandamachuuf humna guddaa kan qaban ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultootni 88 Bisingaan akkasumas, Qonnaan bultootni 76 Atoo boonsituu misoomsuu fi beeksisuurratti himaachuusaanii daarektarichi dubbataniiru. Walii gala gidduugalichi midhaanii fi beelladoota adda addaarratti hojii teekinooloojii beeksisuu aanaawwan adda addaatti hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannoo Oromiyaa magaalota 5 keessatti eegalame babal’isuuf hojjetamaa jira
Dec 7, 2025 262
Sadaasa 28/2018(TOI)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannoo Oromiyaa magaalota 5 keessatti eegalame babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon Paabiliik sarvisii fi misooma humna namaa naannichaa beeksise. Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa Daamxoo Gammachuu TOI’f akka ibsanitti, mootummaan naannichaa riifoormii Siviil Sarvisii humna guutuun hojiirra oolchuuf kallattii kaa’eera. Haala Kanaan riifoormicha hojiirra oolchuuf haala mijataa naannichi qabutti gargaaramuun sanadoota barbaachisan guutuun boqonnaan qophii xumuramee hojiitti galuusaa ibsaniiru. Keessumaa riifoormichi biiroo paabiliik sarvisii fi misooma humna namaan, Biiroo fayyaan, biiroo barnootaan, biiroo maallaqaa fi walumaa gala waajjiraalee mootummaa shan keessatti hojiirra akka oolu kaasaniiru. Kanneen keessaa tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tokko yoo ta’u ummata naannichaa bu’aa bayii fi baasii hin mallerraa oolchuun tajaajila si’ataa, ariifataa fi iftoomina qabu kennuuf qooda fudhattoota waliin bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Riifoormicha guutummaan hojiirra oolchuuf humna namaa leenjiin ga’oomsuu, bu’uraalee misoomaa guutuu, teekinooloojiiwwan hojjechuu fi ijaarsota bal’isuu fi tajaajilamaaf hubannoo uumuun hojiilee ijoo hojjetaman ta’uu obbo Daamxoon ibsaniiru. Haala Kanaan bara 2018 marsaa jalqabaatiin magaalaawwan Shaggar, Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob eegalamuusaa beeksisaniiru. Tajaajilichi erga eegalamee asitti baatii sadan darban namoonni kuma 180 tajaajila argachuun itti quufinsi dhibbantaa 95 ol ta’uu qorannoon taasifameen adda baafamuu kaasaniiru. Bara bajataa kana tajaajilicha itti fufsiisuun magaalaa Shaggariin alatti magaalaawwan gurguddoo 13 keessatti hojichi xumuramee tajaajilli akka kennamu ibsaniiru. Magaalota Shaakkisoo, Moyyaalee, Shanoo, Najjoo fi Dodolaa akkasumas godinaalee Arsii lamaan, Jimma, Harargee Bahaa fi Shawaa Bahaatti tajaajilli kun hojiirra akka oolu mirkaneessaniiru. Bara kana naannoo Oromiyaatti walumaa gala magaalaawwan sadarkaa kantiibaan bulan 52 keessatti tajaajilicha guutummaan bal’isuuf hojjetamaa akka jiru kaasanii, fuuldura amma gandaatti kan itti fufu ta’uu dubbataniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Sirni dijitaalaa galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa, jiraattonni tajaajila ammayyaa fi si’ataa akka argatan gargaara
Dec 5, 2025 211
Sadaasa 26/2018(TOI)- Sirni dijitaalaa galmee siviilii fi tajaajilaa qindaa’aa jiraattotaa, jiraattonni tajaajila ammayyaa fi si’ataa akka argatan gargaara jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee sirna dijitaalaa galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa qindaa’aa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Itiyoophiyaan hojjetame har’a hojii eegalchiisaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, sirni dijitaalaa kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun tajaajilamtoonni tajaajila si’ataa fi ariifataa akka argatan gargaara. Kenniinsa tajaajila galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa Kanaan dura ture guutummaatti kan jijjiiru ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun dandeettii dorgommii idil addunyaa magaalaa Finfinnee kan guddisu ta’uu kaasuun, Sadaasa 29 bara 2018 irraa eegalee aanaalee 50 keesatti hojiirra ooluu eegala jedhaniiru. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Dr Warquu Gaachanaa, guddina biyyaa mirkaneessuuf teeknooloojii faayidaarra oolchuun akka barbaachisu ibsaniiru. Itiyoophiyaan guddina hunda galeessaa fi si’ataa galmeessisaa akka jirtu ibsanii, gama hubannoo nam tolcheetiin jijjiirama guddaa galmeessisaa jirti jedhaniiru.
Ispoortii
Taphni shaampiyoonsi Liigii Riyaal Maadriid fi Maanchistar Siitiin gaggeessan ni eegama
Dec 10, 2025 56
Mudde 1/2018 (TOI)-Har’a Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiin taphoonni sagal ni gaggeeffamu. Riyaal Maadriid fi Maanchistar Siitiin galgala 5tti Istaadiyeemii Barnaabawutti sa’aatii 5tti taphni taphatan hawwiidhaan eegama. Riyaal Maadriid qabxii 12’n sadarkaa 6ffaa qabateera. Morkataansaa Maanchistar Siitiin qabxi 10niin sadarkaa 12ffaarratti argama. Kilaboonni lamaan shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiin yoo waliin taphatan kun yeroo 15ffaati. Taphoota 14 kanan dura taphataniin Maanchistar Siitiin yeroo shan yoo mo’atu Riyaal Maadriid yeroo afur mo’ateera. Taphoota hafan shan wal qixa bahaniiru. Sagantaalee birootiin Kilab Biruuzy Arsanaal waliin, Atileetiikoo Bibaa’oon liigicha dursaa kan jiru PSG waliin, Juuventuus Paafoos waliin, Benefiikaan Naappoolii waliin, Baayer Leverkusen Niwukaastil Yunaayitid fi Buroosiyaa Dortimundi Boodoo Giliimti waliin yeroo wal fakkaataa galgala sa’aatii 5tti ni taphatu. Galgala sa’aatii 2 fi 45tti Karabag Ayaaksi fi Viyaariyaal Koppenhagen waliin ni taphatu. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Shaampiyoonsi liigichaan taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu
Dec 9, 2025 148
Sadaasa 30/03/2018(TOI)- Shaampiyoonsi Awurooppaatiin taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti sagantaa tapha 6ffaan har’a eegala . Galgala sa’aatii 2:45 irratti Baayer muniik Ispoortiingi waliin istaadiyeemii Liizban Aliyaanzi Areenaatti ni taphatu. Bara kana waltajjii Awurooppaaf Imala gaarii taassisaa kan jiru Baayer Muniik qabxii 12n sadarkaa 3ffaa qabateera. Morkataansaa Ispoortiingi Liizban qabxii 10n sadarkaa 8ffaa qabateera. Baayer Muniik yoo injifate sadarkaasaa gara 2ffaatti ol guddisa. Intarmiilaan Liivarpuul waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Juseeppee Mi’eezaatti taphni gaaggeessan ni eeggama. Gareen Xaaliyaanii qabxii 12n sadarkaa 4ffaa qabateera. Liivarpuul qabxii 9n sadarkaa 13ffaa qabateera. Injifataan dorgommichaa yeroo sadii Intarmiilaan fi abbaan Waancaa yeroo ja’aa Liivarpuul taphni gaggeessan wal morkiin madaalawaan ni gaggeeffama jedhameetu eeggama. Sagantaawwan biroon Atilaantaan Chelsii waliin, Baarseloonaan, Intiraakti Firaankifarti waliin, Tootinihaam Hootisparsi Islaaviyaa piraag waliin, PSV EIindhoven Atileetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin ,Yuuniyeen Seent Gilooso waliin sa’aatii wal fakkaatutti galgala sa’aatii 5:00 maarseel waliin tapahata. Taphoota birootiin ammoo Atalantaan Cheelsii waliin, Baarseloonaan Intraakt Firaankifart waliin, Tootinaam Hootspar Islaaviyaa Praag waliin, PSV ayindihoven Atleetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin, Yuuniyeen Seent Giiloos sa'aatii wal fakkaatutti galgala sa'aatii 5:00tti irratti Maarseel waliin ni taphatu. Kaayiraat Almaat Olompiyaaksi waliin galgala sa’aatii 12:30tti ni taphatu.
Dursaan liigichaa Itiyoo Elektirikiin Kutaa Magaalaa Boolee Waliin taphata
Dec 9, 2025 98
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Piriimar Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa sagantaa torbee 11ffaan har’a ni eegama. Guyyaa sa’aatii 7:00 Itiyoo Elektirikiin Kutaa magaalaa Boolee waliin Itaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Itiyoo Elektirikiin liigichatti taphoota 10 gaggeesseen injifateera. Taphichaan galchii 28 yoo lakkoofsisu galchii 5 keessummeesseera. Garichi qabxii 30n liigicha dursaa jira. Morkataansa kutaan Magaalaa Boolee Liigichaan taphoota 10 gaggeesseen 4 yoo injifatu yeroo lama mo’ameera. Taphoota hafan Afur immoo qixa baheera. Galchii 11 yoo lakkoofsisu galchii 10 keessummeesseera. Kutaan Magaalaa Boolee qabxii 16n sadarkaa 6ffaa qabateera. Itiyoo Elektiriik yoo injifate liigichaan dursummaasaa cimsa. Kutaan Magaalaa Boolee yoo injifate injifannoo itti fufaa galmeessa. Sagantaa Biroon Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Magaalaa Diree Dawaa waliin Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Injifataan liigichaa Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 8 gaggeesseen yeroo 7 yoo injifatu yeroo tokko qixaa baheera. Baankiin Daladala Itiyoophiyaa Taphoota 8 gaggeesseen yeroo 7 injifachuun Al-tokko qixa bahuunsaa ni yaadatama. Taphoota 8 taphateen galchii 26 lakkoofsisuun, galchii tokko keessummeesseera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphni 1 osoo isa hafuu qabxii 22n sadarkaa 4ffaa qabateera. Magaalaan Direedawaa Liigichaan taphoota 10n gaggeesseen 4 yoo injifatu yeroo 6 mo’ameera. Galchii 10 yoo lakkoofsisu galchii 15n keessummeesseera. Garichi qabxii 12n sadarkaa 9ffaa qabateera. Baankiin daldala Itiyoophiyaa yoo injifate sadarkaa 2ffaa magaalaa Hawaasaarraa fudhata. Morkataansaa Magaalaan Direedawaa torbee 10ffaan kutaa magaalaa Booleetiin erga mo’amee booda gara infifannotti deebi’uuf ni taphata.
Manchistar Siitiin Sandarlaandi mo’achuun sadarkaasaa lammaffaatti guddifate
Dec 6, 2025 349
Sadaasa 27/2018(TOI)- Piriimar Liigii Ingiliz turban 15ffaan Manchistar Siitiin Sandarlaandiin 3 fi 0’n mo’achuun sadarkaasaa lammaffaatti guddifate Tapha galgala kana Istaadiyeemii Itihaaditti gaggeeffameen Ruban Diyaaz, Joshkoo Givaardiyool fi Fiil Foon galchii galchaniiru. Taphataan garee Sandarlaandi Luuk Oniyeen daqiiqaa 95ffaarratti kaardii diimaan dirreerraa baheera. Manchistar Siitiin Liigichaan yeroo 10 mo’achuun qabxiisaa 31 gahachuun sadarkaa lammaffaa Sandarlaandirraa fudhateera. Siitiin garaagarummaa qabxuu dursaa garichaa Arsanaal waliin qabu gara lamaatti gadi buuseera. Gama biraan bara dorgommichaa yeroo afur kan mo’ame Sandarlaandi qabxii 23’n sadarkaa torbaffaa qabateera. Sagantaalee biroon Bornimaawuz fi Cheelsiin galchii malee wal qixa bahaniiru. Evertan Notingihaam Forastiin 3 fi 0’n yoo mo’atu Totanihaam Hotisparsi Biriijiin 2 fi 0’ fi Niwukaastil Yunaayitid Barnileeyiin 2 fi 1’n mo’ataniiru. Galgala sa’aatii 2:30tti Liidsi Yunaayitid Liivarpuul waliin ni taphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan COP 32 akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisanidha
Dec 10, 2025 45
Mudde 1/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (COP 32) akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisu ta’uu Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih ibsan. Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa yaada ministrri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 eegalame nageenya lafa naannawaa eegsisuun gumaacha olaanaa taasisaa jira. Kana hordofuun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 30ffaa Biraaziil Baallamitti gaggeeffamerratti yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa(COP 32) akka keessummeessitu filatamuunshee niyaadatama. Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih TOI’f akka ibsanitti, hojiilee humna hayidiroo elektiriikii, ashaaraa magariisaa fi misooma magariisaa biroon hojjetamaniin bu’aaleen qabatamaa galmaa’aniiru. Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hojiin hojjechaa jirtu rakkinicha ittisuuf kutannoo qabdu akka agarsiisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti hojiileen damee dinagdee magariisaan, human haaromfamuu fi misooma bosonaan hojjetaman Itiyoophiyaan yaa’ii COP 32 qopheessuuf akka filatamtu gumaachuusaa ibsaniiru. Yaa’iiwwan jijjiirama haala qilleensaa biyyootaa fi sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin hirmaannaan guddaa Itiyoophiyaan qabdu filatamuusheef ulaagaalee gargaaran keessatti akka eeraman ibsaniiru.
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 ta’uun ramadaman
Nov 26, 2025 600
Sadaasa 17/2018(TOI) Mootummaan Ministira dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 gochuun ramadeera. Waajjirri ministira muummee akka beeksisetti akkaataa konveenshinii hammattoo jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomaniitiin Itiyoophiyaan Koop32 waan qopheessituuf ministira dhimma alaa mootummaan Itiyoophiyaa kan ta’an Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii koop32 gochuun wayita ibsu gammachuutu itti dhagahama. Doktar Geediyoon hooggantoota biyya keessaa, qaamolee mootummoota gamtoomanii fitumsitoota idil addunyaa waliin tumsuun qophii Koop32 agga hoogganan beeksiseera. Biyyoonni miseensa konveenshinii hammatto jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii itti gaafatama qophheessummaa Itiyoophiyaaf kennuusaaniif mootummaan Itiyoophiyaa galateeffachaa qindeessummaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosiin hawaasa eegumsa haala qilleensaa addunyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uu ni ibsa jedheera.
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 617
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 571
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 729
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9422
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.