ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal Paawuloo Raangal waliin mari'atan
Apr 14, 2026 33
Eebila 6/2018 (ENA ): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal Paawuloo Raangal waliin mari'ataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad (Dr.) ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal waliin gama ijoo hariiroo biyyoota lamaanii fi tumsa dabalataa irratti mari’achuu isaanii ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti guddisuu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru
Apr 14, 2026 105
Eebila 6/2018 (ENA): Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa akka ibsetti, hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan bifa ciminaan hojjetamaa jiru jedhe. Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Bahaa fi Kibba Afrikaa (COMESA) walqixxummaa koorniyaa fi faayidaa dubartootaa irratti xiyyeeffate jalqabame. Ministeer De’eetaan Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hikmaa Keyiraddiin akka himanitti, Itiyoophiyaan yeroo ammaa fayyadamummaa diinagdee dubartoota baadiyyaa fi magaalaa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa jirti jedhani. Faayidaa dinagdee dubartootaa mirkaneessuuf tarsiimoon qophaa’ee hojiirra ooluu isaa, kunis qonna, industirii, carraa hojii uumuu fi dameewwan biroo irratti fayyadamoo akka ta’an kan dandeessise ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni Afrikaa sirna daldalaa keessatti wal qixa akka hirmaataniifi fayyadamoo ta’an waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Biyyoonni miseensa “COMESA” qormaata dubartoonni daldala keessatti akka hin hirmaanne gufachiisan furuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuu fi bu’a qabeessa akka ta’an dandeessisuu qabu jedhan. Mariin har’as gama kanaan akka ta’e dubbataniiru. Mariin kun bu’uura seeraa fayyadamummaa dubartoota Afrikaa sirna daldalaa keessatti guddisu hojiitti jijjiiruuf carraa kan uume ta’uu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan walqixxummaa koorniyaa fi gahumsa dubartootaaf kutannoo hooggansaa taasifteef, Gargaaraa barreessaa olaanaa gabaa waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) Ambaasaaddar Mahmad Kadaa galateeffataniiru. Dubartoota akka ardiitti gahumsa isaanii cimsu mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’us, ammas hojiin hojjetamuu qabu akka jiru hubachiisaniiru. Keessattuu Afrikaa keessatti dubartoonni faayinaansii, dandeettii dijitaalaa, gabaa, fi murtee kennuu irratti qaawwi akka jiru hubachiisaniiru. Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) qaawwa kana guutuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan fayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiru
Apr 14, 2026 67
Eebila 06/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf lafa hektaara Miliyoona 1 olirratti biqiltuuwwan fayidaa garaagaraa qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Biirichatti Daareektarri Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaa fi bakka bu’aan damichaa obbo Katamaaa Abdiisaa ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan dhaabaman bu’aa gaarii argamsiisaniiru jedhani. Kana bu’uura godhachuun, bara kana lafa biqiltuu dhaabuuf karoorfame keessaa dhibbantaa 50 ol biqiltuuwwan nyaataaf oolan akka dhaabaman ibsanii, waliigala hojiin qophii dhibbeentaa 92 irra ga’uu beeksisaniiru. Naannichatti bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaatiif lafti haaraan hektaara miliyoona 1 ol qophaa’uu mirkaneessaniiru. Kana keessaa biqiltuuwwan bosonaaf tajaajilan lafa hektaara kuma 400 ol irratti akka dhaabaman ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman kunneenis, gabbina biyyee deebisuu, oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, midhaan Qonnaa misoomu waliin kan wal simatan, akkasumas qonnaan bultoonni lafa xiqqaa irratti fayyadamaa hedduu ta’uu kan dandeessisan akka ta’an himaniiru. Qophiin biqiltuus Mootummaan, Interpiraayizootaan, waldaaleenii fi qonnaan bultootaan buufataalee biqiltuu kuma 1 fi 200 irratti qophaa’aa akka jiran dubbataniiru.
Sirni yaadama ida’amuu oomisha ammayyaan fayyadamuun hirkattummaa dhabamsiisuudhaan ce’umsa oomishtummaa qonnaa saffisiisaa jira
Apr 14, 2026 99
Eebila 6/2018 (ENA): Sirni yaadama ida’amuu oomisha ammayyaan fayyadamuun hirkattummaa dhabamsiisuudhaan ce’umsa oomishtummaa qonnaa saffisiisaa jira jedhan de’eetaan Ministira Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa. Waltajjiin marii mata duree "Hirkatummaa irraa gara oomishtummaatti" jedhuun ENA fi Ministeera Qonnaa waliin ta'uun qopheeffame gaggeeffameera. Dr. Soofiyaa Kaasaa akka himanitti, Sagantaan Saftineetii misoomaa oomishtummaa lammiilee saffisiisaa jira jedhani. Deeggarsi teeknooloojii jallisii fi dhiyeessii galtee lammiilee fayyadamtoota toora nageenya misoomaa turanif taasifame hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce'uu dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Yaad-rimeen ida’amuu fi sirni oomishaa ammayyaa hiyyummaa dhabamsiisuudhaan gara oomishtummaa qonnaatti ce’u saffisiisaa akka jiru hubachiisaniiru. Gorsaan Ministeera Hojjetaa fi Ogummaa Dr. Xilahuun Tilahun Bajjitohaal gama isaaniitiin biyyoonni tokko tokko dandeettii misoomaa fi qabeenya guddaa kan qaban ta’us hiyyummaaf kan of daangessanii harka kennatan ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan qabeenya hedduu guddinaa fi badhaadhina damee hundaan mirkaneessuu danda’u osoo qabduu hiyyummaa waliin hidhamtee akka turte ibsaniiru. Kana bu’uura godhachuun jijjiirama biyyaalessaa booda omishtummaa qonnaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan imaammataa hojiirra oolan dandeettii wabii nyaataa mirkaneessu uumaa jiru jedhan. Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu akka ibsanitti, jijjiirama biyyaalessaa kana hordofuun naannoo oomishtummaa qonnaa adda addaa naannichaa fayyadamuudhaan lammiileen hedduun gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ce’aa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aantuun Itti Gaafatamaa Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Itaagenyeewu Addame sagantaan Saaftineetii misoomaa nageenya naannoo eeguun naannoowwan saaxilamoo ta’an deebisuuf gargaareera jedhan. Sagantaan bu’uuraalee misooma jallisii lammiileen hedduun wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf dandeessisaa jiraachuus eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan Tumsa Loltummaa Industirii fi Teeknooloojii Guddisuuf Waliigalaniiru
Apr 14, 2026 219
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa Loltummaa industirii fi teeknooloojii isaanii guddisuuf waliigalaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa injiinar Aayishaa Mahaammad Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Laayibeeriyaa Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji waliin Finfinneetti mari'ataniiru. Walgahichaan dhimmoota tarsiimoo tumsa loltumaa biyyoota lamaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuu danda’anirrattis mari’ataniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa akka himanitti,Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uu yaadachiisuun, walitti dhufeenyi seenaa kun tumsa loltummaa amma jiruuf bu’uura cimaa akka ta’u dubbatani. Itiyoophiyaan gama industirii loltummaa fi ijaarsa dandeettii irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan saayinsii loltummaa fi ijaarsa ittisa ammayyaa irratti, nageenya idil addunyaa eegsisuu dabalatee, muuxannoo barumsaa guddaa Laayibeeriyaaf ta’uu ibsaniiru. Laayibeeriyaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo bal’aa argachuuf fedhii guddaa akka qabdus ibsaniiru. Keessattuu gama leenjii fi tumsa teeknikaatiin tumsa loltummaa biyyoota lamaanii daran guddisuuf akka hojjetan odeeffannoon onlayin Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa ENA’f erge ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Siyaasa

Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee isaanii kennuuf qophaa’aniiru
Apr 13, 2026 2043
Eebila 05/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee keenya kennuuf dursinee qophoofneerra jedhan. Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een Bitootessa 28, 2018 irraa eegalee tokkoon tokkoon buufata filannootti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira. Jiraattonni naannoo Harar yeroo ammaa kaardii galmee filattootaa filannoo kana irratti akka hirmaatan isaan dandeessisu fudhachuu himaniiru. Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an aadde Firehiwot Abbaynaa turtii ENA Waliin taasisaniin, filannoo biyyaalessaa afran darban irratti hirmaachuudhaan paartii fayyada jedhaniin sagalee kennuu isaanii yaadataniiru. Filannoo waliigalaa ji’a Caamsaa dhufu irratti hirmaachuuf qophaa’aa akka jiran ibsuun, Kanaafis kaardii filannoo fudhannee dhaaba guddina biyyaatiif ni hojjeta jedhanii amananiif sagalee isaanii kennuuf qophaa’uu himani. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhannee mirga lammummaa fi heera mootummaatii nuuf kenname itti fayyadamuun qophoofneerra kan jedhan immoo jiraataa magaalattii obbo Habtaamuu Siifaa dha. Paartiileen morkattootaa yaada isaanii karaalee miidiyaa ibsachaa waan jiraniif paartii nuuf ta’a jennu filachuuf qophoofneerra jedhani. Filannoon kun nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf namuu gahee isaa bahuu akka qabus dubbataniiru. Kaardii paartii filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu barbaannu filachuuf nu dandeessisu fudhannee jirra kan jedhan Ajabaa Adam, paartii nuuf mijatu filachuuf qophoofneerra jedhnai. Kunis karaa nagaa fi dimokiraasiin akka gaggeeffamuuf gahee keenya ni baana jedhaiiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa'an gargaaruu fi rakkoolee mariidhaan hiikuuf ga'ee keenya ni baana - Jiraattota Dirree Dhawaa
Apr 10, 2026 6036
Eebila 2/2018 (ENA): Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa’an gargaaruu fi rakkoolee mudatan mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA waliin turti taasisan. Pirojektoonni misoomaa kallattii hedduun waggoota jijjiiramaa keessa Dirree Dhawaatti hojjetaman, bu’aa qabatamaa akka argamsiisan karaa hedduudhaan mirkaneessuun ni danda’ama jedhani. Ummanni Dirree Dhawaa hojiiwwan misoomaa bara mootummaa jijjiiramaa waliin dhufe deegaruun hiriira bahuun agarsiiseera. Pirojektoonni misoomaa murteessoo ta’an egeree Itiyoophiyaa murteessan hojjetamaa akka jiran ibsuun, isaan xumuruuf tumsi, deeggarsaafi gargaarsi hundaa akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf pirojektoonni misoomaa jijjirama kanaan eegalaman akka milkaa’anii fi rakkoolee jiran mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA’n waliin turtii taasisan. Namoota yaada kennan keessaa Abbaa Gadaa Afran Qalloo kan ta’an Abdurrazaaq Ahimadii fi hogganaa aadaa hawaasa Somaalee Haajii Abdoo Umar Isaa, Itiyoophiyaa keessa rakkoolee kanaan dura turan hedduun akka jiran eeruun,rakkoolee kanneenimmoo waaraan furuuf mariin barbaachisaa ta’uu himani. Adeemsi marii biyyoolessaa akka milkaa’uuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru. Yaada kennitoonni biroo, obbo Akiliilee Taaxaq fi obbo Abdoo Muummee, bu’aawwan jijjiramichaa itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf tokkummaa biyyaalessaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee biyyoolessaa jaarraa hedduuf turan turan mariidhaan hiikuun biyya dhalootaaf mijattu ijaaruun ni danda’ama jedhu irratti Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojjachaa akka jiru beekamaadha.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireesidaantii Buruundii Evaristi Nidayaashimiyee gaggeessani
Apr 10, 2026 3435
Eebila 2/2018(ENA) : Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Buruundii Evaristi Nidayaashimiyee daawwannaa hojii dhufanii turan gaggeessaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Evaristi Nidayaashimiyee dawwannaa guyyoota lamaaf taasisaniin booda buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaniiru jechuun Waajjirri Ministira Muummee ibseera. #PMOItoophiyaa
Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwateera
Apr 9, 2026 4581
Eebila 1/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwachuusaa Bulchaan Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii ibsan. Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti Kaadhimamtootasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Naannootiif dorgoman beeksisuu fi duula na filadhaa Magaalaa Hararitti gaggeesseera. Sagantaa kana irratti Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii dabalatee,hoggantoonni olaanoon paartichaa,miseensonni, deeggartoonnii fi Hawaasni Naannichaa argamaniiru. Bulchaan Naannichaa wayita sana ergaa dabarsaniin, kallattiin misoomaa fi guddina Itiyoophiyaa bu’uura sirrii kan qabatee fi bu’aawwan gama maraa kan galmaa’an cimanii hojjechuu fi kutannoo Paartii Badhaadhinaatiin ta’uu kaasaniiru. Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatanii fi fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan raawwatamuu ibsaniiru. Waggoottan jijjiiramaa keessatti gaggeessummaa paartichaan baadiyyaa fi magaalota keessatti hojiiwwan misoomaa gama maraa hojjetamuusaa ibsaniiru. Hojiiwwan deebisanii misoomsuu Jagoolii fi hojiiwwan misooma kooriidarii magaalaa Harar dabalatee, hojiiwwan qabatamaan faayidaa Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee raawwatamuu isaanii kaasaniiru. Kanaafuu, Misoomaaf, Ijaarsa Dimookraasiif, fayyadamummaa guutuu lammiilee fi guddina biyyaatiif Badhaadhina filachuun murtoo sirrii ta’uu ibsaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa gama isaaniin, Paartiin Badhaadhinaa bu’uura Misooma, Nageenyaa fi Dimookiraasii biyyaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan, tarkaanfiiwwan gaarii eegalaman kana itti fufsiisuuf Paartichi dandeettii guutuu kan horate ta’uu himaniiru.
Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota kanwalitti qabee fi Ijaarsa Seenessa Waloo itti fufsiisuuf boqonnaa kan saaqedha
Apr 9, 2026 2367
Eebila 1/2018(ENA): Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota hunda kan walitti qabee fi ijaarsa seenessaa waloo ijaaruuf boqonnaa haaraa kan saaqe ta’uu Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseen dubbataniru. Hiriirri Deeggarsa Uummataa guddaan Milkaa’inaa fi injifannoo kanaan dura argaman itti fufsiisuuf kaayyeffate Magaalaa Samaraatti gaggeeffameera. Hiriira deeggarsaa Istaadiyeemii Samaraatti qophaa’e kanarratti, hoggantoonni Olaanoo Naannoo Affaar, jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Loogiyaa, hojjettoonni mootummaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa hirmaataniiru. Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseen Hiriiricha irratti argamuun ergaa dabarsaniin, Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota hunda hammachuun ijaarsa seenessa walootiif boqonnaa haaraa kan banedha jedhaniiru. Waggoota jijjiiramaa kanaan jechi "deeggartoota" jedhu hafee mirgi wal-qixxummaa itti mirkanaa’ee fi tokkummaan dhugaa itti mul’atedha jedhaniiru. Kanaanis uummanni Affaar dhimma biyyasaa irratti murteessuu fi geggeessuuf carraa kan itti argatedha jedhaniiru. Dabalataanis, Saboonni, Sab-lammoonnii fi ummattoonni tokkummaa isaanii cimsuun guddina waliiniitiif kan walitti dhufan ta’uu ibsanii, waggoota kanneen keessatti bu’aaleen misoomaa mirkanaa’an galmaa’uu isaanii dubbataniiru. Naannichatti injifannoowwan gama Hawaasummaa, Dinagdee fi siyaasaa argamaniin fayyadamummaan sadarkaa hundaatti guddachuu isaa eeranii, kunis bu’aa mootummaa "Ida'amuu" ta'uu dubbataniiru. Akkasumas filannoon waliigalaa 7ffaan dimookiraatawaa fi milkaa’aa akka ta’uuf uummanni hirmaannaasaa akka cimsus gaafataniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Loogiyaa obbo Abduu Musaa gama isaaniin, mootummaan jijjiiramaa karoorawwanii fi hojmaataa haaraa diriirsuun misoomaaf dursa kan kennedha jedhaniru.
Pirezidaantiin Burundii Eevaristee Nidayishimiyeen Daawwannaa Hojiitiif Finfinnee galan
Apr 9, 2026 2633
Eebila 1/2018(ENA): Pirezidaantiin Burundii fi Walitti-qabaan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Eevaristee Nidayishimiyee daawwannaa hojiitiif Finfinnee galaniiru. Pirezidaantichi yeroo Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Boolee gaahan Itti-Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa simataniiru. Itiyoophiyaa fi Burundiin hariiroo dippilomaasii yeroo dheeraa lakkoofsise qabu. Biyyoonni lameen Komishinii Ministirootaa Waloo hundeessuun dameelee garagaraan tumsa isaanii cimsaa jiru. Pirezidaantii Burundii fi Walitti-qabaan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Eevaristee Nidayishimiyee turtii Itiyoophiyaa keessatti taasisaniin, hariiroo biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisan dhimmoota adda addaa irratti marii ni taasisu jedhamee eegama.

Hawaasummaa
Hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti guddisuu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru
Apr 14, 2026 105
Eebila 6/2018 (ENA): Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa akka ibsetti, hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan bifa ciminaan hojjetamaa jiru jedhe. Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Bahaa fi Kibba Afrikaa (COMESA) walqixxummaa koorniyaa fi faayidaa dubartootaa irratti xiyyeeffate jalqabame. Ministeer De’eetaan Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hikmaa Keyiraddiin akka himanitti, Itiyoophiyaan yeroo ammaa fayyadamummaa diinagdee dubartoota baadiyyaa fi magaalaa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa jirti jedhani. Faayidaa dinagdee dubartootaa mirkaneessuuf tarsiimoon qophaa’ee hojiirra ooluu isaa, kunis qonna, industirii, carraa hojii uumuu fi dameewwan biroo irratti fayyadamoo akka ta’an kan dandeessise ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni Afrikaa sirna daldalaa keessatti wal qixa akka hirmaataniifi fayyadamoo ta’an waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Biyyoonni miseensa “COMESA” qormaata dubartoonni daldala keessatti akka hin hirmaanne gufachiisan furuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuu fi bu’a qabeessa akka ta’an dandeessisuu qabu jedhan. Mariin har’as gama kanaan akka ta’e dubbataniiru. Mariin kun bu’uura seeraa fayyadamummaa dubartoota Afrikaa sirna daldalaa keessatti guddisu hojiitti jijjiiruuf carraa kan uume ta’uu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan walqixxummaa koorniyaa fi gahumsa dubartootaaf kutannoo hooggansaa taasifteef, Gargaaraa barreessaa olaanaa gabaa waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) Ambaasaaddar Mahmad Kadaa galateeffataniiru. Dubartoota akka ardiitti gahumsa isaanii cimsu mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’us, ammas hojiin hojjetamuu qabu akka jiru hubachiisaniiru. Keessattuu Afrikaa keessatti dubartoonni faayinaansii, dandeettii dijitaalaa, gabaa, fi murtee kennuu irratti qaawwi akka jiru hubachiisaniiru. Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) qaawwa kana guutuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Hararitti Qe’ee moodeela abbootii warraa 250 qabatu ijaaramuufi
Apr 14, 2026 117
Eebila 6/2018 (ENA) : Naannoo Harariitti Misooma Kooridara Baadiyyaatiin ji'oota lamaan dhufan keessatti Qe’ee moodeela maatii 250 fayyadamoo taasisu akka ijaaramu Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badiirii beeksisaniiru. Mariin karooraa fi raawwii hojii Koree Koridar Baadiyyaa Naannichaa gaggeeffameera. Kanuma waliin Bulchaan Naannichaa akka himanitti, Misoomni koridaraa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eegalame kun naannoo qulqulluu fi miidhagaa uumuu qofa osoo hin taane, lammiileef haala jireenyaa mijataa uumuudha jedhani. Haaluma kanaan bu’aa damee misooma koridaraa magaalaa Harar keessatti galmaa’e gara baadiyyaatti babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru. Hojiileen misooma koridara baadiyyaatti gaggeeffaman haala jireenyaa qonnaan bultootaa jijjiiruuf dandeettii akka qaban akeekaniiru. Fakkeenyaaf, qonnaan bultoonni qabeenyaafi kennaa isaanii sirnaan fayyadamuun diinagdee isaanii guddisuu fi akkasumas jireenya mijataa jiraachuu akka danda’an ibsaniiru. Ji’oota lamaan dhufan keessatti ganda baadiyyaa moodeela ta’ee qonnaan bultootaa abbootii warraa 250 fayyadamoo taasisu ijaaruuf ni hojjetama jedhaniiru. Hojiin misooma koridara baadiyyaa murannoo guddaadhaan akka itti fufu eeruun, qonnaan bultoonni hirmaannaa fi deeggarsa itti fufiinsa qabu akka cimsan dhaamaniiru. Hoggansi sadarkaa sadarkaan jirus qindoominaa fi tumsaan akka hojjatan dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Kantiibaa Adaanech Abeebee ayyaana du’aa ka’uu sababeeffachuun wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan 27ffaa hojii eegalchiisan
Apr 12, 2026 1554
Ebla 4/2018 (ENA)- Kantiibaa Adaanech Abeebee ayyaana du’aa ka’uu sababeeffachuun wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan 27ffaa hojii eegalchiisaniiru. Pirojektoota misoomaa fayyadama hunda galeessa lammiilee mirkaneessuu danda’an Finfinneetti ijaaramuusaanii kantiibaa Adaanech wayita kana ibsaniiru. Pirojektoota namarratti xiyyeeffatanis qulqullinaa fi hatattamaan ijaaruun kutaaleen hawaasaa rakkoolee hawaasummaaf saaxilaman akka fayyadaman godhamaa jiraachuu dubbataniiru. Wiirtuun soorataa Tasfaa Biraan 27ffaanis namoonni dadhaboon hedduun guyyaatti si’a tokko nyaata akka argatan carraa akka uumu eeraniiru. Dureeyyii fi tola ooltota milkaa’ina wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan Finfinneetti ijaaramuuf deegggarsa olaanaa taasisan galateeffataniiru. Fuulduras duudhaan wal gargaarsaa fi wal deeggarsaa lammiilee cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
Embaasiiwwan biyyoota garagaraa baga ayyaana du’aa ka’uun nagana isin gahe jechuun ergaa dabarsan
Apr 12, 2026 1074
Ebla 4/2018 (ENA)- Embaasiiwwan biyyoota garagaraa Finfinneetti argaman baga ayyaana du’aa ka’uun nagana isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru. Itiyoophiyaatti Embaasiin Ruusiyaa, Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Hervin Maasingaa, Itiyoophiyaatti embaasiin Israa’eel ayyaanni du’aa ka’uu kan nagaa, jaalalaa, gammachuu akka ta’u hawwaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Awustiraaliyaa Dr. Piitar Hanter, Itiyoophiyaatti embaasiin Yunaayitid Kingidam,Itiyoophiyaatti embaasiin Iraan, Itiyoophiyaatti Embaasiin Paakiistaan Siwiidin, Siwiizerlaandi, Jarman, Armeeniyaa fi Kanaadaa fi kanneen biros baga ayyaana du’aa ka’uun isin gahe jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru. Haala wal qabateen dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroon Itiyoophiyaaa hordoftoota amantaa kiristaanaatiin baga nagana isin gahe jedhaniiru. Yeroon du’aa ka’uu kun kan abdii, haaromfamuu fi waloomaa akka ta’u hawwaniiru.
Diinagdee
Sirni yaadama ida’amuu oomisha ammayyaan fayyadamuun hirkattummaa dhabamsiisuudhaan ce’umsa oomishtummaa qonnaa saffisiisaa jira
Apr 14, 2026 99
Eebila 6/2018 (ENA): Sirni yaadama ida’amuu oomisha ammayyaan fayyadamuun hirkattummaa dhabamsiisuudhaan ce’umsa oomishtummaa qonnaa saffisiisaa jira jedhan de’eetaan Ministira Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa. Waltajjiin marii mata duree "Hirkatummaa irraa gara oomishtummaatti" jedhuun ENA fi Ministeera Qonnaa waliin ta'uun qopheeffame gaggeeffameera. Dr. Soofiyaa Kaasaa akka himanitti, Sagantaan Saftineetii misoomaa oomishtummaa lammiilee saffisiisaa jira jedhani. Deeggarsi teeknooloojii jallisii fi dhiyeessii galtee lammiilee fayyadamtoota toora nageenya misoomaa turanif taasifame hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce'uu dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Yaad-rimeen ida’amuu fi sirni oomishaa ammayyaa hiyyummaa dhabamsiisuudhaan gara oomishtummaa qonnaatti ce’u saffisiisaa akka jiru hubachiisaniiru. Gorsaan Ministeera Hojjetaa fi Ogummaa Dr. Xilahuun Tilahun Bajjitohaal gama isaaniitiin biyyoonni tokko tokko dandeettii misoomaa fi qabeenya guddaa kan qaban ta’us hiyyummaaf kan of daangessanii harka kennatan ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan qabeenya hedduu guddinaa fi badhaadhina damee hundaan mirkaneessuu danda’u osoo qabduu hiyyummaa waliin hidhamtee akka turte ibsaniiru. Kana bu’uura godhachuun jijjiirama biyyaalessaa booda omishtummaa qonnaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan imaammataa hojiirra oolan dandeettii wabii nyaataa mirkaneessu uumaa jiru jedhan. Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu akka ibsanitti, jijjiirama biyyaalessaa kana hordofuun naannoo oomishtummaa qonnaa adda addaa naannichaa fayyadamuudhaan lammiileen hedduun gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ce’aa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aantuun Itti Gaafatamaa Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Itaagenyeewu Addame sagantaan Saaftineetii misoomaa nageenya naannoo eeguun naannoowwan saaxilamoo ta’an deebisuuf gargaareera jedhan. Sagantaan bu’uuraalee misooma jallisii lammiileen hedduun wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf dandeessisaa jiraachuus eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Hojiirra Oolmaan "Gargaaramuurraa gara oomishtummaatti" jedhu hiyyummaa ittisuu irratti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira
Apr 14, 2026 211
Eebila 06/2018 (ENA): Seenaa gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ce’uu Itiyoophiyaa keessatti Qajeeltoon raawwiin (road map) hiyyummaa ittisuu keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru, Waajjira Ministira Muummeetti Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan giddugala Ijaarsa Sirna Dimokraasii Dr. Sammaa Xurunaa ibsan. Waltajjiin marii Walta'iinsa ENA fi Ministeera Qonnaatiin mata duree "Gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti" jedhuun Qophaa’e Magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira. Dr. Sammaa Xurunaa Barreeffama ajandaa marii mata-duree "Gargaaramuurraa gara oomishtummaatti, kabajaa fi birmadummaa biyyaa guutuuf" jedhu irratti qopheessuun dhiyeessaniiru. Qabxii dhiyeessaniin, Itiyoophiyaan biyya birmadummaa ishee tikfattee turte taatus, gargaaramuu fi deeggarsa alaa hanbisuun birmadummaa guutuu gonfachuun daangaa itti ta’ee akka ture ibsaniiru. Haata’u malee, jijjiirama biyyaalessaa booda birmadummaa guutuu Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tarkaanfii Imaammataa fudhatame kabaja lammiilee gonfachiisaa akka jirtu ibsaniiru. Jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota walqabatanii jiran irratti, Itiyoophiyaan balaa hongee fi beelaa damdamachuun ce’umsa oomishitummaa guddina qabu galmeessuu ishee dubbataniiru. Seenaa gargaarsaan jiraachuu Itiyoophiyaa gara oomishtummaatti ceesisuuf, qajeeltoowwan hojiirra oolmaa waliigaltee, qulqulleessuu, qopheessuu, qindeessuu fi ce’uu raawwachuun hiyyummaa ittisuu keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru hubachiisaniiru. Sagantaan Saaftiineetii misoomaas lammiilee hedduu hiyyummaa keessaa baasuun ce’umsa oomisha bu’aa qabu ariifachiisaa akka jiru ibsaniiru. Fuuldurattis, hogganoonnii fi miseensonni Paartii Badhaadhinaa, hoggantoonni mootummaa fi ogeeyyonni, deeggartoonni misoomaa, miidiyaalee fi uummanni biyyattii, birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf injifannoo galmaa’e cimsuu fi itti-fufsiisuuf itti-gaafatamummaa isaanii bahuu akka qaban hubachiisaniiru.
Oomishtummaan damee qonnaa dandeettii wabii nyaataa mirkaneessu uumaa jira
Apr 14, 2026 186
Eebila 6/2018 (ENA) : Jijjiirama biyyaalessaa irraa eegalee hojiin haaromsaa damee qonnaarratti gaggeeffamaa ture oomishtummaa haalaan guddisuun wabii nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf dandeettii uumaa jira jedhan Deetaan Ministeera Qonnaa Dr. Fiqiruu Raggaasaan. Waltajjiin marii mata duree “Gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti” jedhuun ENA fi Ministeera Qonnaa waliin ta’uun qopheessan gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministeera Qonnaa Dr. Fiqiruu Raggaasaa Mootummaan jijjiiramaa sirna diinagdee adda addaatiin oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan imaammataa fudhateera jedhani. Yeroo gabaabaa keessatti dandeettii oomisha bakka bu’aa damee hundaan guddisuudhaan dorgomtummaa idil-addunyaa al-ergii akka dabalu eeraniiru. Dameen qonnaa rooba irratti hirkataa ta’uu fi yeroo dheeraaf wabii nyaataa lammiilee danqaa akka ture yaadachiisaniiru. Jijjiiramni qilleensaa fi nageenyi naannoo hammaataa dhufuun lammiileen godinaalee adda addaa keessa jiranis gargaarsa irratti hirkataa akka ta’an taasisuu ibsaniiru. Tarkaanfiiwwan imaammataa yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolan fi sagantaa misooma seeftii neet omishtummaa qonnaa guddisuun lammiilee hedduu jireenya gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ceesisuun akka danda’ame ibsaniiru. Dandeettiin oomishtummaa damee qonnaa hunda keessatti uumame wabii nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf dandeettii uumaa akka jiru hubachiisaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Sayifee Darribee gama isaaniitiin sirna dimokraatawaa ijaaruu fi hojiiwwan misoomaa adda addaa ijaaruu keessatti ajandaa murteessaa ta’e kaa’uuf miidiyaaleen bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. ENA’n wabii nyaataa mirkaneessuuf Ministeera Qonnaa waliin ta’uun ciminaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Injifannoon seenaa hiyyummaa Itiyoophiyaa xumuruu fi wabii nyaataa mirkaneessuun kabaja lammiilee guddisu galmaa'aa jiraachuu ibsaniiru. ENA’n, Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa waliin ta'uun, mata duree "Oomishtummaa Qonnaa wabii Nyaataa mirkaneessuu fi kabaja Biyyaaf" jedhuun, hojiilee damee qonnaa keessatti baroota jijjiiramaa keessatti argame irratti xiyyeeffachuun, Bitootessa 23, 2018 waltajjii marii gaggeessee akka ture ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Waltajjiin Marii Mata duree "Gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti" jedhu Magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira
Apr 14, 2026 139
Eebila 06/2018 (ENA): Waltajjiin marii Walta'iinsa ENA fi Ministeera Qonnaatiin mata duree "Gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti" jedhuun Magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira. Marii kanarratti dura taa'aan Koree Dhaabbii Dhimmoota Demokiraasii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Ewunatee Allanee,Waajjira Ministira Muummeetti Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Demokraasii Doktar Sammaa Xurunaa, Deetaan Ministeera Qonnaa Doktar Fiqiruu Raggaasaa fi Deetaan Ministeera Qonnaa Doktar Soofiyaa Kaasaa argamaniiru. Dabalataanis Hojii gaggeessaa olaanaan ENA obbo Sayifee Darribee, Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gamachuu dabalatee, hoggantoonni hojii Federaalaa fi Naannoo, akkasumas Ogeeyyoonni Qonnaa argamaniiru. Marii kanarratti, Oomishtummaa Qonnaa Itiyoophiyaa ittifufsiisuun wabii nyaataa mirkaneessuu kan dandeessisan yaadonni ka'umsaa dhiyaatanii mariin irratti gaggeeffama jedhamee eegama. Itiyoophiyaan oomishtummaa midhaaniin qamadii jallisii waktii Gannaa, Bonaa fi Arfaasa, sagantaa Maaddii Guutuu fi sagantaa Ashaaraa Magariisaa fayyadamuun, bu’aa jijjiiramaa wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessisu galmeessisaa jirti. Fakkeenyaaf, gargaaramummaa waggoota dheeraa hambisuun, of danda'uurra darbee qamadii gara alaa erguun kabaja biyyaalessaa guutuu gonfachuuf hojjechaa jirti .
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hundaa kan boonsudha
Apr 14, 2026 147
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hunda kan boonsu ta'uu Ministirri Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatii, ibsani. Itiyoophiyaan kenniinsa tajaajila alaa fi damee kalaqaan ardicha keessatti dargomaa fi gahumsa gaarii ijaaraa jirti jedhani. Jilli Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatiin durfamu Paarkii Teeknooloojii Odeeffannoo Itiyoophiyaa daawwateera. Ministirri Dhimma alaa kun akka jedhanitti, Jijjiiramni damee teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti mul’ate Afrikaa hundaaf madda boonsaa ta’uu ibsani. Hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaa sadarkaa itti aanutti ceesisuuf fedhii akka qabanis himaniiru. Akkasumas tumsi gama teeknooloojii, qonnaa fi barnootaan taasifamu ummata biyyoota lamaanii fayyadamoo taasisuu akka qabu ibsaniiru. Humna namaa baay’ee Afrikaa keessattuu dargaggoota sirnaan itti fayyadamuuf tumsa biyyoota "Kibbaa-Kibbaa" gidduu jiru cimsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Ardichi waliinii fi qindoominaan yoo misoomte ni danda’ama jechuun dubbataniiru. Wiirtuuwwan daataa paarkii ayisiitii keessatti daawwatan ilaalchisee Itiyoophiyaan gama hojii alaa fi kalaqaan ardii kanarratti dandeettii dorgomaa fi injifatamuu hin dandeenye ijaaraa akka jirtu ibsaniiru. Dargaggoonni argannoo haaraa akka maddisiisan haalli mijataa paarkicha keessatti uumame biyyoota biroof fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, wiirtuun daataa kun dandeettii Afrikaan daataa mataa ishee ofumaan bulchuu akka qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsuun, muuxannoo teeknooloojii Itiyoophiyaa irraa barachuun Laayibeeriyaan wiirtuu kuusaa daataa mataa ishee ijaaruuf fedhii akka qabdu mirkaneessaniiru. Daawwannaan kun hariiroo seenaa biyyoota Afrikaa durii lamaan gidduu jiru gara walta’iinsa dinagdee fi teeknooloojii qabatamaatti kan jijjiiru ta’uun ibsaniiru. Jilli Pirezidaantii Laayibeeriyaa Jooseef Niyuumaa Boo’akaayiin durfamu kaleessa galgala daawwannaa hojiif Finfinnee akka gale ni beekama. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Laayibeeriyaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan simannaa taasisaniiruufi. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Leenjiin 'Koodarsii' tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gargaare
Apr 14, 2026 134
Eebila 06/2018 (ENA): Hojjettoonni mootummaa Jimmaa Leenjii 'Koodarsii' fudhatan, tajaajila uummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf isaan gargaaraa akka jiru ibsan. Inisheetiivii Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad kan ta'e leenjiin 'Itiyoo-Kodarsii' namoota miiliyoona 5’f kennamu, Magaalaa Jimmaatti hojjettoota mootummaa dhaabbilee garaagaraa keessa hojjetan biratti kaka'umsa guddaa uumaa jiraachuun hubatameera. Leenjichi dandeettii dijitaalaa hojjettootaa guddissuun, tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsameera. Akka Hojjettoonni jedhanitti, leenjichi hojii isaanii irratti beekumsaa fi dandeettii dabalataa akka horatan isaan gargaareera. FDRItti Hojjettoonni Bulchiinsa Waldaa Inshuraansii Hojjettoota Dhaabbilee Dhuunfaa Damee Jimmaa ta'an, Mihirat Kaasaa fi Qumnagar Warqiyyee, dhaabbatichi tajaajila kompiitaraa fi intarneetii mijataa waan godheef koorsiiwwan garaagaraa fudhachuu isaanii dubbatani. Sagantaa Leenjichaa irraa waraqaa ragaa Idil-Addunyaa argachuu isaanii eeruun, hojjettoonni biroonis carraa kana akka fayyadaman gorsaniiru. Hogganaan waajjira damichaa obbo Masfin Mashashaa gama isaaniitiin, hojjettoota dhaabbatichaa 140 keessaa dhibbeentaa 70 ol ta'an leenjicha fudhachuu isaanii ibsaniiru. Hojjettoonni hafanis leenjicha akka argatan hojiin hubannoo uumuu fi dhiyeessiin teeknoolojii mijataa akka jiru eeraniiru. Dhaabbata tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa keessatti kan hojjetan Musliimaa Awwalii fi Mahaammad Haaydar, yeroo tajaajilli gara dijitaalaatti jijjiiramaa jiru kana keessatti leenjichi baay'ee barbaachisaa ta'uusaa ibsaniiru. Hojii keenya idilee cinaatti leenjicha fudhachuun keenya, hojii keenya caalatti ariifachiisuu fi babal'isuuf nu gargaaraa jira jedhaniiru. Itti Aanaan hojii gaggeessaa Giddugalichaa obbo Abdii Salamoon akka ibsanitti, hojjettoota dhaabbatichaa 104 keessaa 80 ol ta'an leenjicha xumuruun waraqaa ragaa fudhataniiru. Leenjichi hojjettoonni tajaajila Hawaasaaf kennan beekumsa irratti kan hundaa'e fi si’ataa akka ta'u gochaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.
Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu dandeettii Kalaqa Barattootaa guddisuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jira
Apr 14, 2026 102
Eebila 06/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota fedhii teekinooloojii fi kalaqaa qaban bu’aa gaariif akka ga’an gochuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitichi gidduu gala STEM (STEM Center) waliin ta’uun agarsiisa qopheesserratti, Barattoonni Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaa Magaala Roobee damee Saayinsii, Teeknooloojii, Injinariingii fi Herregaa irratti leenjii fudhatan, hojiilee kalaqaa fi argannoo isaanii dhiheessaa jiru. Saganticharratti kan argaman Itti Aanaan Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa Gargaaraan Piroofeesara Iisaa Hasaan akka jedhanitti, dhaabbatichi Qorannoowwanii fi tajaajiloota fedhii fi rakkoo hawaasa naannichaa bu’uura godhatanirratti hojjachaa jira. Yuunivarsiitichi dhaabbata "STEM Power" waliin ta’uun laaboraatoorii dhaabe rakkoolee damee kanaan mudatan furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru. Laaboraatooriin kun barattoonni barnoota baratan (theory) baratan qabatamaan akka shaakalan gochuudhaan, dhaloota rakkoo biyyaa fi naannoo furuu danda’an uumuuf gargaaraa jiraachuu eeraniiru. Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Roobee obbo Jamaal Abbaagaroo gamasaaniin, agarsiisichi dhaloota bakka bu’aa ta’eef dandeettii kalaqaasaanii akka gabbifatan haala mijeessuusaa dubbataniiru. Hojii gaggeessaan oppereeshinii "STEM Power" Itiyoophiyaa obbo Anteneeh Fissahaa, tarsiimoo dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa biyyaatti damee saayinsii fi teeknooloojii irratti jijjiiramni jajjabeessaan mul’achaa jiraachuu ibsaniiru. Agarsiisichi fedhii barattootaa guddisuurra darbee, milkaa’ina " Dijitaala Itiyoophiyaa 2030"f gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Barattoonni agarsiisicharratti hirmaatan, Meeshaalee Naannosaanii jiran fayyadamuun,Teeknooloojii rakkoo furuu danda’an bocuun dhiheessaniiru. Waltajjichi dandeettii kalaqaa barattootaa guddisuuf kaka’umsa kan isaanitti hore ta’uu barattoonni hirmaatan ibsaniiru.
Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiise
Apr 9, 2026 710
Eebila 1/2018 (ENA): Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii dijitaalaa saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiisuu ibse. Sirni kaffaltii dijitaalaa kun buufata kaffaltii guddicha Tuulluu Diimtuutti hoji gaggeessituu Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruu fi hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii daandiiwwan Itiyoophiyaa Musxafaa Abbaasimal eegalchiisaniiru. Hojii gaggeessituun Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruun akka jedhanitti; dhaabbatichi tajaajiloota adda addaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuu dandeessisan hojiirra oolchaa jira. Itiyoo-Telekoom tajaajila telekoomii idilee irra darbee tajaajila gahumsa qabu, mijataa fi baasii xiqqaa ta’e kennuudhaan damee faayinaansii deeggaraa akka jirus ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Musxafaa Abbaasimal gama isaaniitiin, kanaan dura sirni kaffaltii waraqaa irratti hundaa’e hojiirra oolaa akka ture ibsaniiru. Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggaruun barbaachisaa ta’uu eeruun, imalli tajaajila kana dijiitaala gochuu har'a eegaluu beeksisaniiru. Softiweeriin sirna kaffaltii “Toloo” jedhamu akka hojjetame eeruun, kunis sirna kaffaltii ammayyaa ta'uu isaa Itiyoo-Telekoom waliin ta'uun “Tele Birr” waliin walqabsiisuun akka ta'u beeksisaniiru. Dhaabbileen lamaan gara fuulduraatti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ispoortii
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Seenaa Shampiyoona fiigicha tarkaanfii Addunyaa keessatti Itiyoophiyaaf medaalii jalqabaa argamsiise
Apr 13, 2026 228
Eebila 05/2018 (ENA): Shaampiyoona tarkaanfii Atileetiksii Addunyaa 31ffaa Biraazil, Magaalaa Biraaziiliiyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Dorgommiiwwan xumuraa Atileetonni Itiyoophiyaa itti hirmaatan gaggeeffamaniiru. Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii Maaraatoonii walakkaa dhiirotaatiin, Atileeti Misgaanaa Waaqumaa sa’aatii 1 daqiiqaa 27 fi sekondii 33’n sadarkaa 2ffaa bahuun Medaalii Meetii argateera. Atileeti Misgaanaan, Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kana irratti yeroo 6ffaaf hirmaannaa gooteen medaalii jalqabaa argamsiiseera. Atileetiin Xaaliyaanii Firaancheeskoo Foorchuunaatoo sadarkaa 1ffaa baheera. Atileetiin Biraazil Kaayoo Boonfiim immoo sadarkaa 3ffaa qabatee xumureera. Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii dubartoota kiiloomeetira 10 waggaa 20 gadiitiin, Hiwoot Ambaawu daqiiqaa 48 fi sekondii 52’n sadarkaa 9ffaa qabattee xumurteetti. Fageenyichaan yeroo gaarii galmeessifteetti. Atileetiin Chaayinaa Yuutoongi Yaangi sadarkaa 1ffaa baateetti. Akkasumas, Atileetiin Xaaliyaanii Seereenaa Di Faabiyoo sadarkaa 2ffaa, Atileetiin Chaayinaa Liihuwaa Nii sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru. Dorgommii xumuraa kiiloomeetira 10 kan dhiirota waggaa 20 gadiitiin, Abduusalaam Abduulwahab daqiiqaa 42 fi sekondii 21’n sadarkaa 11ffaa qabatee xumureera. Fageenya kanaan yeroo isaa gaarii galmeessiseera. Atileetiin Chaayinaa Huuwaajiyaa Puu sadarkaa 1ffaa bahuun medaaliyaa warqee argateera. Atileetiin Awustiraaliyaa Isaaq Biikiroofti sadarkaa 2ffaa, atileetiin Xaaliyaanii Aleesiyoo Koopoolaa sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru. Itiyoophiyaan dorgommiiwwan xumuraa sadii irratti hirmaattee, medaaliyaa meetii tokko argachuun xumurteetti. Seenaa shaampiyoonaa kana irratti hirmaatte keessatti medaaliyaa jalqabaa argatteetti.
Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a gaggeeffama
Apr 12, 2026 494
Ebla 4/2018 (ENA) - Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a iraazil magaalaa Biraaziliyaattii gaggeeffama. Shaampiyoonaan kun guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 45 irraa eegalee ni gaggeeffama. Shaampiyoonaa kanarratti atileetonni biyyoota 40 irraa walitti dhufan 333 kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommiin kun tarkaanfii Maaraatoonii, tarkaanfii walakkaa Maaraatoonii fi dorgommiiwwan km. 10 waggaa 20 gadii saala lamaaniinuu of keessaa qaba. Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa kanarratti ni hirmaatti. Olompikii Paarisirratti hirmaatee qabxii quubsaa kan galmeessise atileet Misgaanaa Waaqumaa dorgommii tarkaanfii km. 20 irratti biyyasaa bakka bu’uun ni dorgoma. Dubartootaan ammoo shaampiyoonaa dargaggootaa Afriikaa Angoolaa fi Naayijeeriyaatti gaggeeffamanirratti meedaaliyaa Warqee kan argatte atileet Hiywoot Ambaawu dorgommii km. 10niin biyyashee bakka bu’uun ni dorgomti. Shaampiyoonaa Dirree Dawaa fi Finfinneetti gaggeeffamaniin kan mo’atte atileet Abdusalaam Abdulwahaab dhiiraan km 10niin akka dorgomu ni eegama. Garee jilaa kana adda durummaan kan gaggeessan bakka bu’aan daarektaraa federeeshinichaa obbo Tasfaayee Yifruu garee teeknikaa waliin gara Biraazil deemuunsaanii ni beekama. Dorgommiiwwan atileetiksii tarkaanfii addunyaa shan Itiyoophiyaa Kanaan dura hirmaatteen meedaaliyaa argattee hin beektu. Itiyoophiyaan meedaaliyaa Kanaan yeroo jalqabaaf meedaaliyaa argachuuf atileetonni sadii Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu.
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 514
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru. Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Dorgaommiin Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli Ispoortiiwwan Aadaa Sadarkaa Biyyaalessaa har'a Magaalaa Harariitti ni jalqabama
Mar 29, 2026 534
Bitootessa 20/2018(ENA)- Dorgommiin Ispoortii Aadaa biyyaalessaa 23ffaan fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaan har'aa eegalee Magaalaa Hararitti ni gaggeeffama. Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Ministeerri Aadaa fi Ispoortii qophicha( taatee kana) waliin ta'uun qopheessaniiru. Dorgommiinii fi Feestivaalli kun mata-duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun kan gaggeeffamudha. Dorgommii gosoota Ispoortii 11n gaggeeffamu kanarratti Naannolee fi Bulchiinsa Magaalota hundaarraa Isportessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jechuun Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiseera. Dorgommii fi Feestivaala kanarratti keessummoonni kabajaa Konfedereeshinii Ispoortii fi Taphoota Aadaa Afrikaa irraa affeeraman ni argamu. Sagantichi tokkummaa, garaagarummaa fi waliin jireenya Sab-daneessummaa Itiyoophiyaa kan calaqqisiisudha. Feestivaalichi Hawaasa Ispoortii Aadaa irratti hirmaachisuu fi fayyadamaa taasisuun alatti, Ispoortii Aadaa Hawaasummaa taasisuu dandeessisuuf kaayyoo akka qabu ragaan Ministeerichaa ni mul’isa. Mootummaan xiyyeeffannoo addaa Misooma Ispoortiitiif kenneen, Imaammata Ispoortii haaraatiin Ispoortiiwwan Aadaa misoomsuuf hojjechaa akka jirus ibsameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan fayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiru
Apr 14, 2026 67
Eebila 06/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf lafa hektaara Miliyoona 1 olirratti biqiltuuwwan fayidaa garaagaraa qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Biirichatti Daareektarri Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaa fi bakka bu’aan damichaa obbo Katamaaa Abdiisaa ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan dhaabaman bu’aa gaarii argamsiisaniiru jedhani. Kana bu’uura godhachuun, bara kana lafa biqiltuu dhaabuuf karoorfame keessaa dhibbantaa 50 ol biqiltuuwwan nyaataaf oolan akka dhaabaman ibsanii, waliigala hojiin qophii dhibbeentaa 92 irra ga’uu beeksisaniiru. Naannichatti bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaatiif lafti haaraan hektaara miliyoona 1 ol qophaa’uu mirkaneessaniiru. Kana keessaa biqiltuuwwan bosonaaf tajaajilan lafa hektaara kuma 400 ol irratti akka dhaabaman ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman kunneenis, gabbina biyyee deebisuu, oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, midhaan Qonnaa misoomu waliin kan wal simatan, akkasumas qonnaan bultoonni lafa xiqqaa irratti fayyadamaa hedduu ta’uu kan dandeessisan akka ta’an himaniiru. Qophiin biqiltuus Mootummaan, Interpiraayizootaan, waldaaleenii fi qonnaan bultootaan buufataalee biqiltuu kuma 1 fi 200 irratti qophaa’aa akka jiran dubbataniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa barakanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiru
Apr 8, 2026 600
Bitootessa 30/2018(ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiraachuu Bulchaan Naannoo Benishaangul Gumuuz Ashaadilii Hasan ibsan. Bulchaan Naannichatti Buufatalee Biqiltuu Aanaa Uraatti argamuun qophii biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif taasifamaa jiru irra deemanii daawataniiru. Daawwannaa isaanii booda haasaa taasisaniin, naannichaattis ta’e akka biyyaatti sagantichi cimee itti fufuu isaa ibsaniiru. Hojiin misoomaa kun baranas xiyyeeffannoon addaa kennameefii biqiltuuwwan gahaan naannichatti qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa garaagaraa qaban qophaa’aa jiraachuu daawwannaa keenyaan mirkaneessineerra jedhaniiru. Dabalataanis, biqiltuuwwan kanaan dura dhaabaman sadarkaa irra jiranii fi hojiiwwan Misooma Eegumsa Naannoo Aanichatti hojjetamaa jiran bulchaan kun daawataniiru.
Itiyoophiyaan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal simsiisuun bosonaa kunuunsa jirti
Apr 4, 2026 963
Bitootessa 26/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaagaalee idil addunyaa bittaa fi gurgutaa kaarbooniin kan wal siman muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa guddisaa jiraachuu qindeessaan koree teekniikaa ashaaraa magariisaa Dr. Adafris Warquu ibsan. Doktar Adafris Warquu turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu kaasanii, irra caalaan bosona keessatti akka argamu eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluurra darbee galiin biyyattiin gurgurtaa kaarbooniirraa argattu akka dabalu qooda olaabaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii garagaraa hedduu waan qabduuf kuusaa kaarboonii fooyya’aa of keessatti qabachuuf teessuma lafaa mijataa akka qabdu doktar Adafris ibsaniiru. Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa fi naannawaa irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jirtu eeranii, kun ammoo kaarboonii qilleensarraa dhabamsiisuudhaan karaa uumamaa fi nam-tolcheen akka kuufamu gochaa jira jedhaniiru. Gaaziin ho’a of keessatti qabatu kan kana dura bosonni ciramuu fi qabiinsa lafaa hin malleen gara hawaatti gadi lakkifamu ittisuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa akka jiru himaniiru. Haala Kanaan muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa fulla’aa ta’an kan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal siman guddisuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kan lammataa ammoo yeroo biqiltuuwwan dhaabaman kaarboonii Kanaan dura gara hawaa seene walitti qabuun kan itti deebi’an kan godhu hojmaata hojiirra oolchuunii fi kaarboonii gadhiisiirraa eegame gabaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtuun gurgurtaa kaarboonii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu fi biyyoonni garagaraa Itiyoophiyaa waliin walii galtee bittaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Haala Kanaan mootummaan Norweeyi ka’umsaaf bittaa kaarboonii doolaara miiliyoona 75 akkasumas Baankiin addunyaas walii galtee bittaa raawwachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Norweeyii fi Baankiin addunyaa bituuf kan barbaadanii ol Kaarboonii maddisiisuushee eeranii, qabeenyi kaarboonii doolaara biiliyoona tokko baasu akka jiru ibsaniiru. Addunyaarratti Bajata guddaa bittaa kaarbooniif ramadamu gara gurgurtaa kaarboonii Itiyoophiyaatti fiduuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Faayinaansii kaarboonii addunyaarratti argamu gara Itiyoophiyaa fiduuf sagantaa ashaaraa magariisaa cimsuun olitti sanadoota qindeessuunii fi hojiileen biro hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru.
Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu argatu
Apr 3, 2026 750
Bitootessa 25/2018 (ENA): Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu akka argatan Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Ibsa Inistiitiyuutichi ENA’f ergeen, rooba Arfaasaa Bitootessa 23 hanga Eebila 22/2018tti, hangi jiidhinsa qilleensaa ol’aanaa akka ta’u ibseera. Kana waliin roobni Arfaasaa Itiyoophiyaa irra caalaan isaa ji’a Eebilaa keessa baay’inaa fi raabsa isaatiin ji’oota Arfaasaa lamaan caalaa jiidha ni qabaata. Haalli qilleensaa kun naannolee rooba Arfaasaan oomishan keessatti hojii qonnaaf haala mijataa ni uuma jedhamee eegama jechuun inistiitiyuutichi ibsa baaseen beeksiseera. Haalli qilleensaa jiidhinni walitti fufiinsaan jiru ji’a Bitootessaa keessa oomishtummaa midhaan Arfaasaa sadarkaa guddinaa adda addaa irra jiruuf iddoo guddaa qaba jedheera. Akkasumas qilleensi jiidhaan Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa irraa eegamu oomisha midhaanii, lafa dheedichaa fi dhiyeessii bishaanii naannoo walakkaa horsiisee bulaa kan akka Booranaa, Gujii fi kanneen kana fakkaatan keessatti murteessaa ta’uu himameera. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo Arfaasaa oyiruu isaanii qopheessuun haala jiidhinsa mijataa eegamutti akka fayyadaman dhaameera inistitiyuuchi. Inistiitiyuutichi naannoleen rooba gabaabaa ta’an haala gogiinsa walitti fufiinsa qabu kan sababa jijjiirama rooba Arfaasaatiin rooba uumamuu danda’u dandamachuuf jiidhina oyiruu keessa tursiisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qabanis hubachiiseera. Gama biraatiin, sigiga lafaa, dhiqama biyyee fi lolaa cimaa naannoo tokko tokkotti sababa rooba cimaatiin uumamuu malu irraa of eeggannoon akka taasifamu hubachiiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2632
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10797
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.