ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi.
Apr 25, 2024 111
Ebla 17/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpol waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedha kan qabdu ta'uu Poolisii Federaalaa Itoophiyaatti Itarpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelchi Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa beeksise. Poolisiin Fedeeraalaa, Itoophiyaa Konfiraansii Waggaa Interpool Idil-addunyaa irratti hirmaachaa jira. Konfiraansiin kun Firaansi Magaalaa Liyoonitti taa’amaa jira. Konfiraansicha irratti Hogganaan Iterpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelcha Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa hirmaachaa jiru. Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa konfiraansichaan cinaatti qindeessitoota pirojektii babal’ina tajaajila interpoolii waliin mari’ataniiru.
Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi
Apr 25, 2024 16

Gamtaan ‘BRICS’ shoora dhaabbilee hawaasa siviilii cimsuuf carraa ni’uuma
Apr 25, 2024 95
Ebla 17/2016(TOI) – Gamtaan ‘BRICS’ shoora dhaabbilee hawaasaa siviilii biyyoota miseensotaatti argamanii muuxannoo waljijjiiruu fi faayinaansiin cimsuuf carraa akka uumu abbaan taayitaa dhaabbilee hawaasa siviilii ibse. Abbaan taayitaa dhaabbilee hawaasaa siviilii Itiyoophiyaa ogeessota hawaasa siviilii gamtaa ‘BRICS’ Ruusiyaarraa dhufanii fi hawaasa siviilii addaddaa waliin mari’achaa jira. Ittaanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa dhaabbilee hawaasa siviilii obbo Faasikaawu Mollaa wayita kana, mootummaan waggoota jijjiiramaa darbanitti dhaabbilee hawaasa siviiliif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun riifoormii bal’aa taasisuusaa ibsaniiru. Haala Kanaan fooyyessa seeraa taasisuun dhaabbileen hawaasa siviilii ijaarsa sirna demokiraasii fi misooma biyyaa waliigalaa keessatti qooda guddaa akka bahan haalli mijataan uumamuusaa kaasaniiru. Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uunshee fayyadama fayyadamummaa gama hundaa mirkaneessuu fi dhaabbilee hawaasa siviilii cimsuuf carraa mijataa ta’uu dubbataniiru. Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa Ruusiyaa fi biyyoota miseensota biroo Waliin qabaattuun dhaabbileen hawaasa siviilii muuxannoo bal’aa akka taasisanii fi humna faayinaansii dabalataa akka qabaatan carraa akka uumu himaniiru. Gamtaan ‘BRICS’ biyyoota 10 kan ofkeessaa qabuu fi dinagdee addunyaa harka 37 akkasumas lakkoofsa ummata addunyaa harka 45 kan ofkeessaa qabu hammattoo tumsaa isa guddaa ta’uunsaa nibeekama. Biraaziil, Ruusiyaa, Hind, Chaayinaa fi Afriikaan kibbaa hundeessitoota ‘BRICS’ yoo ta’an, Itiyoophiyaa, Saa’udii Arabiyaa, emereetonni Araba Gamtoomanii, Gibxi fi Iraan barana gamtichatti makamaniiru.
Sirni awwaalchaa hojjettuu TOI adde Wuddaallaat Ayyenew raawwatame
Apr 25, 2024 124
Ebla 17/2016(TOI)- Kaleessa kan boqotte Sirni awwaalchaa hojjettuu TOI adde Wuddaallaat Ayyenew har’a bataskaana Qacanee Madaanalamitti raawwatameera. Adde Wuddaallaat Ayyenew Bitootessa bara 2008 irraa kaasee dhukkuba tasaatiin amma lubbuunshee darbe amma Ebla 16 bara 2016tti tajaajila oduu Itiyoophiyaa keessa hojjetteetti. Maatiisheef nama jalqabaa kan taate adde Wuddaalaat Ayyenew, abbaashee obbo Ayyenew Abdallaa fi haadhashee adde Abbabach Alii bara 1973 ture Finfinneetti kan dhalatte. Adde Wuddaallaat TOI dabalatee dhaabbilee addaddaa keessa sadarkaa hojii addaddaarra hojjechuushee miiltoowwan hojii ishee nidubbatu. Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa du’a adde Wuddaallaat Ayyenewutti gadduusaa ibsaa, maatii fi firoottan isheef jajjabina nihawwa.
Tarkaanfii raayyaan ittisaa godina Wallagga Bahaatti fudhateen meeshaan hedduun garee shororkeessaarraa booji’amuun ibsame
Apr 25, 2024 48
Ebla 17/2016(TOI)-Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Siree iddoowwan agaloo Talamaa fi Komssaa akkasumas godinichatti aanaa Waayyuu Tuqaa bakka addaa makkoo jedhamanitti duula guyyootaaf taasifameen garee shororkeessaarra miidhaan namaa fi meeshaa qaqqabuunsaa ajajaan kutaa waraanaa ajaja jiddugaleessaa koloneel Abbaayneh Asmaamaawu ibsan. Koloneel Abbaayneh akka ibsanitti, yeroo ammaa gareen shororkeessaa rukuttaa raayyaa jala dhaabachuu dadhabee kaan du’ee kaan madaa’uurra darbee booji’amaa kan jiru yoo ta’u hidhattoonni Shanee 17 ajjeefamaniiru. Kilaashiin 19, Matirayyasiin 01 fi rasaasonni hedduun raayyaa kutaa waraanaa harka galuu odeeffannoon raayyaa ittisaarraa argame ni’eera.
Siyaasa

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ministira muummee Liibiyaa Abdulhamiid Aldabaabiyaa waliin mari’atan
Apr 25, 2024 49
Ebla 17/2016(TOI)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ministira muummee Liibiyaa Abdulhamiid Aldabaabiyaa waliin mari’atan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ministira muummee Liibiyaa Abdulhamiid Aldabaabiiyaa simachuu kootti gammadeera jedhaniiru. Marii kanaanis nagaa fi tasgabbii qaxanaa, tumsa dinagdee, waljijjiirraa humna namaa fi dhimmoota fedhii waloo biroo kaafneerra jechuun ibsaniiru.
Ministirri muummee Liibiyaa daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan
Apr 25, 2024 78
Ebla 16/2016 (TOI)- Ministirri muummee Liibiyaa Abdulhamiid Al-dabaayibaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuuf Finfinnee dhufaniiru. Ministirii muummee kun buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee wayita gahan ministirri dhimma alaa ambaasaaddara Taayyee Atsqasillaasee simataniiru. Ministirri muummee Liibiyaa Turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin hooggantoota mootummaa olaanoo waliin dhimmoota biyyoota lamaanii, afriikaa fi idil addunyaarratti nimari’atu jedhamee akka eegamu odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.
Itoophiyaan yaa'ii misooma Faayinaansii idil addunyaa 4ffaa ga'umsaan qopheessuuf qophii taasiisaa jirti.
Apr 24, 2024 197
Ebla 16/2016 (TOI) - Itoophiyaan yaa'ii misooma Faayinaansii idil addunyaa 4ffaa Hagayya dhufu geggeeffamu ga'umsaan qopheessuuf qophii taasiisaa jiraachuu Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyeen Atsiqasillaaseen beeksisan. Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Itti Aantuu Barreessituu olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin mari'ataniiru. Marii isaaniin Itoophiyaan yaa'ii misooma Faayinaansii idil addunyaa 4ffaa ga'umsaan qopheessuuf qophii taasiisaa jiraachuu ibsaniirui Marii isaaniin dhimmoota hariiroo waloo Itoophiyaa fi dhaabbaticha gidduu jiruu fi dhimmoota dursi laatamuufi qaburratti mari'achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul'isa.
Haala yeroo nageenyaa fi tasgabbii biyyaarratti mari’achuun ibsa mana maree nageenyaa biyyaalessaarraa kenname
Apr 24, 2024 123
Kabajamoo ummattoota biyya keenyaa, Itiyoophiyaan seenaa mootummaa bara dheeraa keessatti garaagarummaa siyaasaa, waldhabdee fi walitti bu’insoota karaa nagaa, marii fi waldhaggeeffachuun karaa seeraahiikuuf muuxannoo hinqabdu. Akka carraa ta’ee siyaasni keenya siyaasa yeroo hunda zeeroo irraa jalqabudha. Biyya keenyatti kan barame kan humnaan mo’atee aangoo qabate, humnaan mo’amee amma aangoo gadhiisutti aadaa siyaasaa hunda walitti qabee to’atuu fi kan barbaade itti raawwatudha. Mootummaan jijjiiramaa aangoo kan qaqbate humnaan miti. Kun aadaa siyaasaa haaraadha. Aadaan siyaasaa karaa nagaa boqonnaa siyaasaa haaraa kana cimsu ammoo filannoo demokiraatawaan fudhatama ummataa argatee mootummaa hundeessuun agarsiiseera. Kana malees hooggantootaa fi miseensota paartilee siyaasaa addaddaa gaggeessaa mootummaa gochuun ramaduu, Itiyoophiyaan mana waloo keenyaa ta’uushee raga ba’eera. Cehumsi siyaasaa karaa nagaa qoti galma miti. Galmoota biroo milkeessuuf meeshaadha malee. Adeemsa yeroo ammaa sirreessuun qofa rakkoon Itiyoophiyaa hinfuramu. Cabiinsota seenaa keessatti dhaalle suphuun dirqama ta’a. Cabiinsota seenaa kanneen suphuuf furmatonni sadii kaa’amaniiru. Rakkoo siyaasaa ture marii biyyaalessaan hiikuu, rakkoo siyaasaa bara dhihoo ammoo haqa cehumsaa fi haaromsaan sirreessuu. Haala qabatamaa Itiyoophiyaa keessatti mootummaan tokko filannoo injifatee aangoo qabatus dhimmoonni kophaa murtee kennuu hin dandeenye, marii biyyaalessaa fi hunda hammate barbaadan ni jiru. Sagaleen kun erga dhaga'amee walakkaa jaarraa lakkoofsiseera. Garuu hanga yeroo dhiyootti yeroo mootummaan jijjiiramaa dhufetti dhageettii hin arganne. Mootummaan jijjiiramaa yaada kana fudhachuu qofa osoo hnta’iin dhaabbata walabaa kana mijeessu hundeesseera. Itti gaafatamaa dhaabbata kanaa ta’uun komishinaroonni walaba ta’an muuxannoo fi gahumsa bal’aa qaban ni muudamaniiru. Komishinaroota kunneen marii biyyoolessaa hunda hammate akka gaggeessan seeraan aangoon kennameeraaf. Kana bu’uura godhachuun qooda fudhattoota waliin mari’achuun adeemsichi maal fakkaachuu akka qabu malaa fi hojimaata bal’aa qopheessaniiru. Yeroo ammaa kana akkaataa mala Komishiniin Marii Biyyaalessaatiin qophaa’een godinaalee 10 fi bulchiinsa magaalaa lama keessatti hirmaattoota adeemsa marii kana irratti hirmaatan tokkoon tokkoon aanaa irraa adda baasuun hojii xumuree jira. Tokkoon tokkoon naannoo keessatti hojiin baayyee cimaan hojjetameera. Caasaa hoggansa gadii irraa kaasee hawaasa hirmaachiseera. Haala kanaan lammiileen adeemsa marii kanarratti hirmaatan godinaalee 679 keessaa hanga ammaatti hirmaattonni kuma 12 fi 294 adda baafamaniiru. Haalli kun ummata abbaa dhimmaa giddu galeessa godhata. Mala ajandaa fi furmaatni gubbaa irraa gadi fiduu qofa osoo hin taane, hawaasa keessaa bahanii mariidhaan gara giddu galeessatti kan dhufanidha. Torban muraasa booda komishinichi waltajjii marii sadarkaa naannootti gaggeessuu ni eegala jedhamee eegama. Akkasumas, naannolee filannaan hirmaattotaa hin raawwatamne lama keessatti yeroo dhiyootti filannoo hirmaattotaa ni xumurama. Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Hammataa baay’ee eegamaa ture yeroo gabaabaa keessatti ni gaggeeffama jedhamee abdatama. Carraa dhaloota keessatti al tokko argamtu kana osoo hin qisaassin olkaasaa, deeggaraa, rakkoolee Itiyoophiyaan jturaniif furmaata akka fidu hundi keenya gahee keenya bahuu qabna. Sababa hinmalleen carraa kana qisaasnee rakkoo keessa of tursiisuun dhaabbachuu qaba. Inni lammataa haqaa ce’umsaati. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti yeroowwan adda addaatti miidhaa, hookkaraa fi sarbamiinsi mirga bu’uuraa mudachaa tureera. Kun taatee seenaa biyyoota biroo keessatti mul’atudha. Akkaataa adeemsa keenya amma ammaatti qaamni humnaan mo’ate aangoo qabate, yakkamaa fi balleessaa jedhee namoota biroo balaaleffata; ni adabama. Adeemsi kun haqa hin fidu. Xiiqii,gabbii fi haaloo bahuu fida malee. Maraan martoon quuqqaa fi haaloo bahuu seenessa miidhamummaa wiirtuu siyaasaa kan ta’e kanaafi. Maraanmartoo kana cabsuuf haqni cehumsaa filatamaa isa tokkodha. Kanaaf ammoo hammattoon imaammataa adeemsi haqa cehumsaa ittiin qajeelfamu ragga’eera. Qophiin imaammatichaa muuxannoo idil-addunyaa qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachise irratti kan hundaa’edha. Adeemsa wixinee imaammataa duraa qofaan waltajjiiwwan galtee walitti qabuu naannoo 60 fi biyyoolessaa 20tti gaggeeffameera. Kaayyoon imaammatichi sirna bulchiinsaa fi hojiirra oolmaa haqaa ce’umsaa diriirsuun nagaa, araara, olaantummaa seeraa, haqaa fi dimokiraasii itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf tooftaaleen haqaa ce’umsaa kanneen akka qorannoo fi himannaa yakkaa, dhugaa barbaaduu, araara, dhiifama haalduree, beenyaa fi haaromsa dhaabbilee biyya keenya keessatti hojiirra oolu. Akkuma beektan heerri keenya biyya keenya keessatti mootummaan ala humni hidhate hin hayyamu. Mirga mootummaa keessaa tokko aangoo addaa fayyadamuudha. Garuu cabiinsa siyaasaa biyya keenya keessatti dhaalle irraa kan ka’e humni hidhate uumameera. Nageenyi keenya itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf humnoonni hidhatan kunneen hidhannoo hiikkachuun adeemsa haaromsaatti makamuu qabu. Adeemsa marii biyyoolessaa irrattis hirmaachuudhaan dhimma siyaasaa isaanii hiikuu ni danda’u. Kanaafis komishiniin haaromsaa hundeeffameera. Kaayyoon isaas hidhannoo hiikkachuu, gareewwan hidhatan tasgabbeessuu fi hawaasa keessatti deebi’anii makamuudha. Hojii haaromsaa kana galmaan gahuudhaan siyaasni keenya adda waraanaa irraa gara minjaalaatti, bosona irraa gara galmaatti akka deebi’u gochuu qabna. Tooftaalee kana haala bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuun marsaa hamaa keessaa bahuu qabna. Araarsummaa, dhiifama, beenyaa, fi haqaan ilaalamuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu danda'uu qabna. Milkaa’ina kanaaf lammiileen Itiyoophiyaa hundi dammaqinaan fi bu’a qabeessa ta’een hirmaachuu qabu. Mootummaan hojiirra oolmaa imaammata haqaa ce’umsaa adeemsa marii biyyaalessaa waliin akka walsimu gochuun itti gaafatamummaa isaa ni ba’a. Rakkoolee biyyoolessaa keenya turan marii biyyaalessaa fi haqaa ce’umsaatiin utuu hiiknu, qormaata walitti bu’iinsaa fi waraanaa irra aanuuf mala siyaasaa karaa nagaa filachuu qabna. Kanaafidha lola waggaa lamaaf kaabaa keessatti gaggeeffamaa ture walii galtee nagaadhaan hiikuuf kan barbaadame. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti waldhabdeen sivilii fi waraanni irra deddeebiin uumamee jira. Waraana kana keessatti akka biyyaatti kasaaraa guddaan nurra gaheera. Sababni kanaas shaakala siyaasaa waldhabdee marii fi waliigalteen furuu baay’ee waan hin qabneef. Kan barre awwaala diina keenyaa irratti siidaa ijaaruu dha. Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa gocha kana jijjiire. Aadaa furmaata siyaasaatiin waraana xumuruu fide. Waliigaltee nagaa kun murtoo bilchaataa fi kutannoo qabuun seenaa nama mo’ataa fi mo’amee aariidhaan dhaloota dhufuuf dhaalchisuu dhiisuudha. Filannoo kana hordofuun dhiiga dhangala’uu fi walitti bu’iinsa dhaabuu dandeenyeerra. Naannoo Amaaraa, Affaarii fi Tigraayitti hojiin ijaarsa deebisanii dhaabuu fi deebisanii bayyanachiisuu eegalameera. Haala gargaarsi namoomaa gufuu malee Tigraay dhaqqabuu danda’u uumneerra. Waliigaltee nagaa mallatteeffamee guyyaa booda mootummaan waliigaltee nagaa jalatti dirqama isaa irra darbee amantaa uumuu fi nagaa eeguuf tarkaanfiiwwan barbaachisoodha jedhee amane walduraa duubaan fudhateera. Aaragalfiin fi bu’aa Waliigaltee nagaa kanaan hanga ammaatti argame akkuma jirutti ta’ee ammas hojiin hojjetamuu qabu jira. Keessattuu akka waliigaltee kanaatti hidhattoonni adda bilisa baasaa ummata Tigraay hidhannoo hiikkachuu qabu. Dhimma naannoowwan gaaffii eenyummaa fi daangaa bulchiinsaa qaban furuuf kallattii kaa’ame hojiirra ooluu qaba. Warra waraanaan buqqa’an deebisuu fi qubsiisuuf hojiin eegalame xumuramuu qaba. Dogoggora darbe irraa barachuu dhiisuun dogoggora jalqabaa hojjechuu caalaa hamaadha. Dogoggora isaanii kanaan duraa irraa osoo hin baratiin hundi keenya warra har’as rakkoo wal fakkaatu uumuu itti fufan of adabadhaa jechuu qabna. Sababni isaas, obsa booda bu’aa hamaa seera kabachiisuu seenaa keenya dhiyoo irraa barachuu qabna. Mootummaan bu’uuraalee misoomaa fi tajaajilli addaan citee ture suphuu fi deebi’ee jalqabuuf ciminaan hojjechaa jira. Naannoo Tigraay keessatti sochii faayinaansii fi diinagdee haala mijeessuuf maallaqa guddaa baasee jira. Gaheen bu'aa nagaa guddaa waan ta'eef mootummaan madaa haquuf hojii eegame caalaa hojjechaa jira. Garuu kun itti gaafatamummaa mootummaa waan ta'eef akka sodaatti fudhatamuu hin qabu. Akkuma Waliigaltee Piriitooriyaa keessatti ibsame, akkuma Heera keenya keessatti tumametti nuti akka sabaatti Humna Ittisaa tokko qofa qabaanna. Naannoleen sadarkaa naannootti seera kabachiisuuf poolisii fi milishaa isaan barbaachisu bira darbee waraana hidhatee fi gurmaa’e qabaachuu hin danda’an; Ta'uu hin qabu. Haaluma kanaan hidhannoo hiikkachuu fi adeemsi kanaan walqabatu akkaataa karoora Komishinii Riifoormiitiin saffisaan hojiirra ooluu qaba. Obboleeyyan/obboleettonni keenya keessattuu dargaggoonni gara dirree waraanaatti kan oofan finxaaleyyii fi waldhabdee uumuun ni mala. Mootummaan haala kana gama tokko qofaan hin ilaalu. Sochiin isaanii seeraan ala waan ta’eef qofa humnaan qofa furmaata argachuu akka hin qabne hubata. Kanaaf mootummaan hidhattoota daandii diigumsaa irraa deebi’anii hawaasatti makamuun jireenya nagaa geggeessuu barbaadan hunda simachuuf fedhii qaba. Eeyyamamummaa fi fedhii qabatamaa hojiif qabu naannoo adda addaatti agarsiiseera. Naannolee Benshangul Gumuz, Amaaraa fi Oromiyaa keessatti hidhattoonni kuma kudhaniin lakkaawaman harka kennataniiru. Isaan kun leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti akka makaman taasifameera. Kanas karaa Komishinii Haaromsaa naannolee waliin qindoominaan cimsuu itti fufna. Sababa kanaan jaarsoliin fi abbootiin amantaa tattaaffii kana akka deeggaran waamicha goona. Gama tokkoon hojiiwwan furmaata waaraa fidan kana raawwachuu itti fufna, hojiiwwan yeroo ammaa nagaa fi tasgabbii ummataa kabaju raawwachuu keenya itti fufna. Ilaalchi siyaasaa gara jabeessa akkasumas fedhiin yakka gurmaa’ee fi saamichaa naannoo tokko tokkotti mul’achaa jira. Hojiilee nagaa ummataa baadiyyaas ta’e magaalaa booressan kana to’achuuf mootummaan hojii bal’aa hojjechaa jira. Kutaan hojii kanaa dhaabbilee seera kabachiisan fooyyessuudha; Qindoomina isaanii fi walitti dhufeenya ummata waliin qaban cimsuu dha. Kebelewwan baadiyyaa fi gandoota keessatti jiraattonni naannoo nagaa naannoo eeguuf sirnaan leenjii ni kennamaaf. Gama kanaan naannolee tokko tokko keessatti jalqabni gaariin jira. Biyya bal’aa fi baay’ina ummataa qabdu kan akka Itoophiyaaf milishoonni biyya keessaa fi dhaabbileen nagaa eegsitoota gargaaraa biroo nagaa fi tasgabbii naannoo eeguu keessatti gahee olaanaa qabu. Qaamni hojii kanaa tokko dhaabbilee seera kabachiisan fooyyessaa, Qindoominaa fi walitti dhufeenya ummata waliin qaban cimsuu dha. Jiraattonni naannawaa gandootaa fi mandaroota baadiyyaa keessa jiraatan naannoo eeguuf sirnaan leenjii ni kennamaaf. Gama kanaan naannolee tokko tokko keessatti jalqabni gaariin jira. Biyya bal’aa fi baay’ina ummataa qabdu kan akka Itiyoophiyaaf milishoonni biyya keessaa fi dhaabbileen nagaa eegsitoota gargaaraa biroo nagaa fi tasgabbii naannoo eeguu keessatti gahee olaanaa qabu. Kana malees humnoota poolisii naannoo irra deebiin gurmeessuu fi hunda galeessa cimsuun aangoo heera mootummaatiin kenname sirnaan akka raawwatan taasifamaa jira. Milishoota naannoo fi poolisii naannoo waliin qindoominaan ijaarsi dhaabbilee fi haaromsi itti fufiinsa qabu taasifamaa jira, Poolisiin Federaalaa itti gaafatamummaa nagaa fi seera biyya keessaa eeguuf qabu akka ba’u taasisa. Dhaabbilee seera kabachiisan kanneeniin ala balaan yoo jiraate Raayyaan Ittisa Biyyaa nagaa eeguu fi seera kabachiisuu dirqama isaa bahaa jira. Qaamoleen nageenyaa fi qindoominni ummataa gosa kanaa jiraachuu irraa kan ka’e aangoo mootummaa naannichaa kuffisee aangoo humnaan naannoo Amaaraa dhuunfachuu barbaade kaayyoo isaa akka hin milkoofne taasifameera. Hojii seera kabachiisuutiin mootummaa naannoo fi sirna heera mootummaa baraaruun danda’ameera. Naannoo Oromiyaatti sochiin humnoota hidhatee godinaa tokko tokko keessatti babal’achaa turee fi amala aanaalee tokko tokko to’achuu duubatti deebi’ee jira. Haalli nageenyaa fi tasgabbii naannoo Beenishaangul Gumuz keessattis haalaan fooyya’ee jira. Addis Ababaa fi magaalota gurguddoo biyyattii biroo keessatti karoora humnoota haleellaa shororkeessummaa adda addaa raawwachuuf karoorfatan fashaleessuun danda’ameera. Hojiin hojjetame barbaachisaa ta’us gahaa miti. Saamicha gurmaa’ee fi garee yakkamtoota siyaasaan kaka’umsa qaban bu’a qabeessa ta’een to’achuu qabna. Kana gochuufis hojiin eegalame caasaan seera kabachiisuu fi nageenyaa cimaa fi bu’a qabeessa ta’e qabaachuun itti fufa. Gama kanaan hirmaannaa fi gargaarsi ummataa murteessaadha. Gareen sababoota fi sossobbiin adda addaa saamaa, saamichaa fi butaa jiru xumuramuu qaba. Gareen dhaabbilee hawaasummaa fi diinagdee qarshii hiyyeessaan ijaaraman diigu dantaa eenyuuyyuu hin tajaajilu. Ummanni qaamolee seera kabachiisan waliin tumsuun olaantummaa seeraa kabachiisuu qaba. Caasaaleen siyaasaa fi bulchiinsa naannoo tokkoon tokkoon isaanii itti gaafatamummaa isaanii inni jalqabaa seera kabachiisuu malee warra kaan eeguu akka hin taane hubachuu qabu. Gama tokkoon hojii seera kabachiisuu fi nagaa fi tasgabbii eegsisuu raawwachaa jirra. Gama biraatiin buqqaatota deebisuun taasifamuu qaba. Sababni isaas nagaa fi tasgabbiin sirna yeroo namoonni tasgabbaa'an uumaman waan ta'eef. Biyya keenya keessatti sababoota adda addaatiin ummanni qe'ee isaa irraa buqqa'aa jira. Lammiileen kunneen kaampii keessaa bahanii gara qe'ee isaaniitti deebi'uu qabu. Dhaabbataan qubatanii jireenya idilee keessa qubachuu qabu. Mootummaan kun dhugoomsuuf ciminaan hojjechaa kan ture yoo ta’u, ammas hojii bal’aa hojjechaa jira. Fakkeenyaaf naannoo daangaa Somaaliyaa fi Oromiyaa, akkasumas naannoo Geede’oo keessatti lammiilee buqqa’an guutummaatti gara ganda isaaniitti deebisuun mana jireenyaa akka argatan taasifameera. Walitti bu'iinsa kutaa kaabaa biyya keenyaa keessatti mudateen akkasumas akkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti mudateen lammiileen qe'ee isaanii irraa buqqa'anis ni mul'ata. Buqqaatonni kun gara qe'ee isaaniitti akka deebi'aniif hojjechaa jirra. Hoggantoonni naannoo Amaaraa fi Oromiyaa waliin hojjechuun namoonni hedduun dahannoo irraa gara qe'ee isaaniitti akka deebi'an taasisaniiru. Adeemsa kana keessatti gamtaa fi walitti dhufeenya cimaa duraan hawaasa keessa ture arguun danda’ameera. Ollaan isaanii buqqa’an akka deebi’aniif naannoo hundatti gaaffiin cimaan jira. Simannaan hawaasni naannoo namoota biyyaa baqatanii deebi'aniif godhan garaa nama nyaata. Kaaba biyya keenyaa keessatti fakkeenyaaf naannoo Raayaa fi Alamaatti lammiileen qe'ee isaanii irraa buqqa'an hedduun isaanii mootummaa osoo hin eegin gara qe'ee isaaniitti deebi'aniiru. Adeemsa kana keessatti dhimma buqqaatota akka ajandaa siyaasaatti fayyadamuu kan barbaadan akka jiran mul’ateera. Buqqaatonni yoo deebi'an ajandaa iyyanni fi mormii keenya ni fashalaa'a jedhanii sodaatu. Humnoonni kunneen ololaafi doorsisa fayyadamuun namoonni baqatan gara qe’ee isaaniitti akka hin deebine taasisa. Yeroo tokko tokko buqqaatonni akka hin deebine humna illee itti fayyadamu. Mootummaan itti gaafatamummaa naamusaa fi seeraa qabuun lammiileen buqqa’an gara qe’ee fi mana jireenyaa isaaniitti akka deebi’an hayyamuu itti fufa. Hojiin naannolee waliin eegalamees ni cimsa. Nagaa fi tasgabbii booressuuf, buqqaatonni akka hindeebine gochuu fi sochii misoomaa gufachiisuuf meeshaalee itti fayyadaman keessaa odeeffannoo jallaa, dogoggoraa fi summii tamsaasuun isa tokko. Akkuma beekamu guddinni teeknooloojii qunnamtii carraa fi balaa fida. Bara waldhabdee fi dorgommii toora interneetii kana keessatti. Dhaabbileen fi sirnoonni jiran qormaata hamaa ni mudatu. Haala kanaan biyyoonni dantaa saba isaanii eegsisuuf waan danda’an hunda nitaasisu. Haala yeroo sirriitti hubachuun, rakkoo kana akkaimuitti irra aanuu akka dandeenyu sirritti hubachuun yoo hin sochoone balaan isaa guddaadha. Gama kanaan bu’a qabeessa ta’uuf tokkummaan keessoo murteessaadha. Biyyi guddittii akka Itiyoophiyaa yoo tokkummaa keessoohinqabaanne addaan qoodamti. Akka biyyaattis ta'e akka ummataatti kaayyoo tokkoof yoo waliin dhaabbanne yeroon biyya keenya ol kaasuuf carraa gaarii fida. Yoo qoqqoodamne jiraachuun biyyaa balaadhaaf saaxilama. Kanaafuu, daataa dhufu filachuu, madaaluu fi fooyyessuun barbaachisaa dha. Diinonni keenya, kan nuti lafa irratti injifanne, qilleensarra akka dhufan hayyamuu hin qabnu Kanneen hunda kan raawwannu jalqaba nagaa waaraa, karaa nageenya waaraa badhaadhina waaraa mirkaneessuudha. Galmi keenya akka mootummaatti yeroodhaaf tasgabbii karaa gabaabaa, gubbaa gadi haaromsa waliin dhufu miti. Nagaa waaraa dha. Nagaan waaraa lola dhabuu qofa miti. Nagaa hin raafamne kan qajeelfamaa fi sirna irratti hundaa’eedha. Dandeettii fi sirni Walitti bu’iinsaa fi waliigaltee dhabuu karaa nagaa fi seera qabeessa ta’e jiraachuudha. Innis waa’ee bu’uuraa hubachuun, madaa durii fi madaa seenaa irra aanuun gara fuulduraatti tarkaanfachuu danda’uudha. Nagaa waaraa fi badhaadhina waaraa kana fiduuf aadaan siyaasaa haaraan barbaachisaadha. Mariin biyyoolessaa hunda hammate, haqaa ce’umsaa fi hojiiwwan haaromsaa hojiirra oolmaa kanaaf meeshaalee ijoodha. Akkuma namni hundi beeku sirna mootummaa fi dimokiraatawaa hunda hammate ijaaruuf qajeelchaa jirra. Tattaaffiin kun bu’a qabeessa ta’uuf garuu tarkaanfiin mootummaa qofti gahaa hin ta’u. Paartiin biyya bulchaa jiru aadaa siyaasaa haaraa galchuuf jechaa jira - waliin haa hojjennu, haa gorsinu, dhimma biyya keenyaaf furmaata waliin haa barbaannu. Gariin mootummaa kuffisnee humnaa fi qawween aangoo yoo hin qabanne jechaa jiru. Tattaaffiin keenya daandii faallaa akkasiitiin eegale milkaa’uu hin danda’u. Aadaa jaarraa 18ffaa gara jaarraa 22ffaatti baatanii deemuun abaarsa malee jijjiirama miti. Waraanni hunda keenya kasaarsa. Nagaan hunda keenya bu'aa argamsiisa. Waa'ee waraanaa abbootii keenya irraa dhaga'aa guddanne. Nuuf gahaadha. Dhaloota keenya keessattillee waraanni cimaan lama sadii darbeera. Garuu dhaloota dhufuuf badhaadhina malee madaa dhaaluu hin qabnu. Warraaqsa bara 1966 eega waggoottan shantamaaf haala siyaasa ammayyaa Itiyoophiyaa arginee walakkaa jaarraa lakkoofsiseera. Maraanmartoon isaan hin gadhiifne, garuu ammallee achi jiru. Kan darbe irraa barannee, haala keenyaa fi haala yeroo keenyaa hubannee, mul’ataa fi ajandaa mataa keenyaa qabannee gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabna. Dhaloota kanaaf ajandaan waggaa shantamaa nagaa waaraa fi badhaadhina waan ta’eef. Mana maree nageenyaa biyyaalessaa Ebla 16 bara 2016 Finfinnee
Fooramiin Magaalota Afrikaa Fulbaana dhufu Finfinneetti gaggeeffama.
Apr 23, 2024 274
Ebla 15/2016 (TOI)- Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa Fooramiin Magaalota Afrikaa Fulbaana dhufu Finfinneetti gaggeeffama jedhan. Waltajjiin Marii baniinsaa fi hubannoo uumuu Koree Olaanaa Qindeessituu Fooramii Biyyaalessaa Magaalota Afrikaa gaggeeffameera. Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan akka ibsanitti, mata duree “Ajandaa 2063-Guddina Waaraa Magaalotaa ce’umsa Afrikaaf” jedhuun Fooramiin Magaalota Afrikaa Fulbaana bara dhufuu Finfinneetti gaggeeffama. Guyyaa har’aas koreen olaanaan qindeessituu Fooramichaa waltajjii marii gaggeessuu ibsaniiru. Itoophiyaan akka biyyaa seena qabeettitti, hundeessituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa keessaa tokko ta’uu eeruun, magaalonni kuma 1 fi 500 ol ni hirmaatuun kan eegamu waltajjii fooramichaa qopheessuuf itti gaafatama Afrikummaa ishee bahachuuf qophii ta’uu waltajjicharratti ibsamuu himaniiru.

Hawaasummaa
Sirni awwaalchaa hojjettuu TOI adde Wuddaallaat Ayyenew raawwatame
Apr 25, 2024 124
Ebla 17/2016(TOI)- Kaleessa kan boqotte Sirni awwaalchaa hojjettuu TOI adde Wuddaallaat Ayyenew har’a bataskaana Qacanee Madaanalamitti raawwatameera. Adde Wuddaallaat Ayyenew Bitootessa bara 2008 irraa kaasee dhukkuba tasaatiin amma lubbuunshee darbe amma Ebla 16 bara 2016tti tajaajila oduu Itiyoophiyaa keessa hojjetteetti. Maatiisheef nama jalqabaa kan taate adde Wuddaalaat Ayyenew, abbaashee obbo Ayyenew Abdallaa fi haadhashee adde Abbabach Alii bara 1973 ture Finfinneetti kan dhalatte. Adde Wuddaallaat TOI dabalatee dhaabbilee addaddaa keessa sadarkaa hojii addaddaarra hojjechuushee miiltoowwan hojii ishee nidubbatu. Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa du’a adde Wuddaallaat Ayyenewutti gadduusaa ibsaa, maatii fi firoottan isheef jajjabina nihawwa.
Odeeffannoon miidiyaa hawaasummaan " milishaa hidhannoo hiikkachiisuu" ilaalchisee tamsaafama jiru soba jedhame
Apr 24, 2024 173
Ebla 16/2016 (TOI) - Naannoon Amaaraa "miseensota milishaa hidhannoo hiikkachuu" ilaalchisee xalayaan akka waan pirezidaantiin naannoo Amaaraatiin barreeffameetti miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti tamsa'aa jiru sobaa ta'uu beeksise. Xalayyaan akka waan pirezidaantiin naannichaa obbo Arraggaa kabbaan godinaalee fi bulchiinsa magaaloota hundaaf barreessan fakkeeffame bahe kun guutummaatti soba ta'uu Biiroon Kominikeeshinii naannichaa beeksiseera. Yaaliinnodeeffannoon sobaa kun tamsaafamaa jiruuf nageenya waaraa naannichatti fiduuf hojii hojjetamaa jiru gufachiisuuf kan kaayyeffate ta'uu ibseera Tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa fi humnoonni nageenyaa naannichaa qindoominana fudhata jiraniin kasaaraan guddaan waan irra gaheef gareen finxaaleyyii burjaajii uumuuf jecha odeeffannoo sobaa facaasuun isaa ibsamee jira.
Poolisiin Federaalaa miseensa gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwate to'annoo jala oolche
Apr 24, 2024 33
Ebla 16/2016(TOI) - Poolisiin Federaalaa miseensa isaa I/A Saajin Taammanaa Dubbaalee gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwachuu isaan to'annoo jala oolchuu hime. Poolisiin Federaalaa ibsa miidiyaaleef ergeen dhaabbatichi amantii hundaaf kabaja walqixxee akka qabu himeera. Poolisiin Federaalaa loogii amantii, sabummaafi siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta'uun heddummina duudhaa kan taasifate dhaabbata uummataa ta'uus akeeke. Yuunivarsiitii Poolisii Federaalaatti miseensa kan ta'e I/A Saajin Taammanaa Dubbaalee miseensa haarawa akka filatuuf gara naannoo Kibba Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Gezee Goofaatti yeroo ergametti Amajjii 05, 2016 Mana Amantaa Ortodoksii Keechoo Wazee Qulqulluu Baalawalditti argamuun uffata dambii Poolisii Federaalaa uffatee faarfannaa amantii faarfachuun uummata fuulduratti qawwee osoo dhukaasuu viidiyoon miidiyaalee hawaasaarra naanna'aa ture Dambii Ittiin Bulmaata dhaabbatichaan ala ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa isaan mirkaneesseera. Miseensa kanas yerosuma to'annoo jala oolchuun seeraafi dambii dhaabbatichaan qorannoo irratti geggeessaa akka jiru ibseera. Poolisiin qaama hunda qixaan kan tajaajilufi amantii isaas dhuunfaan hordofuu kan danda'u ta'ee osoo jiruu miseensi kun meeshaa mootummaan nage4nya uummataa akka ittiin eeguuf hidhachiise bakka hawaasni hedduun argamutti namuusa poolisii karaa cabseen dhukaasuun isaa seeraan kan gaafachiisu waan ta'eef seeratti kan dhiyeessuun ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa isaan mirkaneesseera.
Dhaabbanni Madaallii Mijatummaa Itoophiyaa ji'oota salgan darban xaa'oo dabalatee tajaajila sakattoo qulqullina oomishaalee kuma 19 kenneera.
Apr 22, 2024 541
Ebla 14/2016 (TOI) - Dhaabbanni Madaallii Mijatummaa Itoophiyaa ji'oota salgan darban xaa'oo dabalatee tajaajila sakattoo qulqullina oomishaalee kuma 19 kennuu beeksise. Daarektarri olaantuu Dhaabbatichaa Maa'azaa Abarraa TOI'tti akka himanitti; dhaabbatichi ijoon tajaajila sakata'insa qulqullina laabiraatorii, Sartafikeeshinii qulqullinaa fi Inspeekshinii kennaa jira. Haaluma kanaan ji'oota salgan darban xaa'oo biyyoo meetirik toonii miliyoona tokko dabalatee oomishaalee 19 ol ta'an irratti tajaajila sakattoo qulqullina laabiratoorii fi sartifkeeshinii kennuu beeksisaniiru. Dameen dhaabbatichaa Jibutiitti argamu Zayita nyaataa liitira miliyoona 13 irratti sakattoo qulqullina labiraatorii taasisuus himaniiru. Dhaabbatichi dameewwaan tajaajila sakattoo qulullinaa kennu keessa galteewwan qonnaa, Nyaataa fi dhugaatii, Qoricha, kemikaalaa fi albuuda, galteewwan ijaarsaa, Elektirooniksii,gogaa fi oomishaaleen huccuu keessaatti argamu jedhaniiru. Oomishaaleen kunneen bu'uura ulaagaalee kaa'amaniif eeganii oomishamuu sakata'amanii sartafikeettiin mirkaneessaa kan kennamuuf ta'uu himaniiru. Tajaajiloonni dhaabbatichi kennu kunneen sadarkaa idil addunyaatti beekamtii fi fudhatama kan qabu ta'uus himaniiru. Laabiraatoriiwwaan sakata'insaaf oolaan kan dhaabbatichi qabu sadarkaa idil addunyaatti fudhatama kan qaban waan ta'aniif nageenyaa fi fayyaa hawaasaa eeguuf gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Mootummaan oomishaalee alaa galanii fi biyya keessatti oomishaman bu'uura ulaagaalee ka'ameefiin qulqullinni isaanii kan guutame ta'uu mirkaneeffachuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirachuu himaniiru. Dhaabbatichi sartafikeettii mirkaneesaa qulqullinaa erga kenneefii ji'a sadi sadiin sakatta'insa kan taasisu ta'uus eeraniiru. Oomishaalee sakata'insi taasifameefii yeroo lamaa ol bu'uura ulaagaa kaa'amee hin guunne qaama dhimmi ilaallatu kan to'annoorratti hojjetu beeksisuun oomishaalee kanarratti to'annoo fi hordoffii akka taasisan ni taasifama jedhaniiru. Dhaabbanni madaallii mijatummaa Itoophiyaa sadarkaa naannoleetti dameewwaan 9 kan qabu yoo ta'u, hawaasni mallattoo qulqullinaa dirqamaa fi sadarkaa oomishaa irratti hubannoon qabu akka cimuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetama jira jedhaniiru.
Diinagdee
Miseensonni mana maree bulchiinsa magaalichaa pirojektoota misooma kooriidraa daawwachaa jiru
Apr 25, 2024 31
Ebla 17/2016(TOI)- miseensonni mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee pirojektoota misooma kooriidaraa daawwachaa jiru. Miseensonni mana marichaa ganama har’aa Finfinnee sararoota misooma kooriidaraa shanitti pirojektichi maalirra akka gahe ilaalaniiru. Kana malees manneen jireenya namoonni misoomaaf kaafaman ittigalan daawwataniiru.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa balallii torbanitti Kaameeruun magaalaa Duwaalaatti taasisu 11tti guddise
Apr 25, 2024 60
Ebla 17/2016(TOI) – Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa balallii torbanitti Jiddugaleessa daldalaa fi dinagdee Kaameeruun magaalaa Duwaalaatti taasisu gara 11tti guddisuusaa ibse. Haala Kanaan Caamsaa 26 bara 2016 irraa kaasee balalliisaa gara 11tti akka guddisu beeksiseera. Daandiin qilleensichaa yeroo ammaa torbanitti al toorba gara magaalattiitti balali’aa akka jiru beekameera.
Oromiyaatti hojiiwwan naannawwaa gammoojjitti hojjetaman jireenya hawaasa horsiise bulaa fooyyeessa jiru.
Apr 24, 2024 27
Ebla, 16/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan naannawwaa gammoojjitti hojjetaman jireenya hawaasa horsiise bulaa fooyyeessa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiise bulaa beeksise. Hoggantoonni dhaabbilee miidiyaa fi ogeeyyiin miidiyaa qindeesummaa Biiroo Kominikeeshinii naannichaan naannichaa godina Booranaatti hojii misooma jiruu fi jireenya horsiise bulaa fooyyeessuuf hojjetama jiran daawwataniiru. Daawwanna kanarratti itti aanaan hoogganaa Biiroo Misooma Jallisi fi horsiise bulaa injinaar Alamuu Raggaasaa naannicha naannawwaa gammoojjiitti hojiiwwan misooma jiruu fi jireenya hawaasaa fooyyessuu danda'an hedduun hojjetama jiru. Jiruu Horsiise bulaa fooyyeessuuf naannichaatti pirojeektii Finnaaa jedhaman birrii biliyoona 25 naannawwaa gammoojjitti hojjetama hojjetama jiru jedhaniiru. Pirojeektoonni kunneen misooma qonnaa akkasuma nyaata beelladaa haala kan mijeessan ta'uus himaniiru. Pirojeektota kanneen keessaa 15 godina Booranatti kan argaman hidha xiqqaa aanaa Eelwayyeetti hojjetama jiru daawwatameera. Pirojeektota godinichatti hojjetama jiran keessaa 11 hojiin isaanii kan xumurame yoo ta'u kanneen hafan 4 immoo hanga ji'a Waxabajjii dhufuutti kan xumuraman ta'uu beeksisaniiru. Pirojeektoonni kunneen misoo.a jallisii, bishaan dhugaatii, horsiisa qurxummii fi turizimiif kan oolan ta'uu eeraniiru.
TOI qaqqababummaa isaa babal'isuuf hojii hojjetu Ministeerri Dhimma Alaa gama isaan ni deeggara
Apr 24, 2024 26
Ebla 16/2016 (TOI) - Tajaajilli Oduu Itoophiyaa(TOI) qaqqababummaa isaa babal'isuuf hojii hojjetu Ministeerri Dhimma Alaa gama isaan ni deeggara jedhaniiru deetaan Ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa. Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa sosochii hojii fi gamoo haaraa Tajaajila Oduu Itoophiyaa daawwataniiru. TOI madda Odeeffannoo miidiyaalee biyya keessaa fi alaa ta'uun ijaarsa maqaa gaarii biyyaa keessatti dhaabbata gahee duggaa qabu ta'uu eeranii; daawwanna isaani is TOI ijaarsa tekinolojii ammayyaan deeggarame uumuu arguu himaniiru. TOI qaqqabummaa isaabal'isuuf midiyaalee mootumaa, dhuunfaa fi dijitalaaf madda odeeffannoo ta'uun hanqina hulaa gama odeeffannoon jiru guutaa jirachuu hubachuus himaniiru. Tajaajilli Oduu Itoophiyaa(TOI) qaqqababummaa isaa babal'isuuf hojii hojjetu Ministeerri Dhimma Alaa gama isaan ni deeggara jedhaniiru deetaan Ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa. b
Saayinsii fi teeknooloojii
Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi
Apr 25, 2024 16
Ebla 17/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpol waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedha kan qabdu ta'uu Poolisii Federaalaa Itoophiyaatti Itarpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelchi Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa beeksise. Poolisiin Fedeeraalaa, Itoophiyaa Konfiraansii Waggaa Interpool Idil-addunyaa irratti hirmaachaa jira. Konfiraansiin kun Firaansi Magaalaa Liyoonitti taa’amaa jira. Konfiraansicha irratti Hogganaan Iterpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelcha Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa hirmaachaa jiru. Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa konfiraansichaan cinaatti qindeessitoota pirojektii babal’ina tajaajila interpoolii waliin mari’ataniiru.
Haleellaa Saayibarii ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu qabu jedhame
Apr 18, 2024 297
Ebla 10, 2016 (TOI)- Guddina teeknooloojii hordofee haleellaa saayibarii dabalaa dhufe ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu akka qaban akeekame. Yaa’iin “Working Group” 10ffaan Biyyoota miseensaa BRICS Raashiyaatti gaggeeffameera. Yaa’icharratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Aadde Tigisti Haamiidii fi jilli isaanii hirmaataniiru. Aadde Tigisti Haamiid akka jedhanitti, yeroo ammaa biyyooni miseensa ‘BRICS’ fi biyyoonni addunyaa dhimma haleellaa saayibariirratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiru. Dhimmi nageenya odeeffannoo ajandaa murteessaa biyyootaa miseensa BRICS ta’ee itti fufuu akka qabu eeran. Biyyonnni miseensa garichaas dandeettii yaaddoowwan haleellaa dandamachuun isaanii cimsuun naannawaa dijitaalaa nageenyi isaa amansiisaa uumuu akka qaban ibsuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa. Yaa’ichaan biyyoonni miseensaa, nageenya kominikeeshinii fi odeeffannoo, waljijjiirraa odeeffannoo, yaaddoowwan nageenya saayibarii ittisuuf akkasumas muuxannoo waljijjiiruuf waliigalteerra ga’uun ibsameera. Aadde Tigisti waltajjiichaan cinaatti biyyoota miseensa garichaa waliin haalaa nageenyaa saayibariirratti hojjechuu danda’amurratti mari’achuun ibsameera.
Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu.
Apr 16, 2024 150
Ebala 8/2016(TOI) - Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabaachuu namni damee qorannoo taasisuun beekaman tokko ibsan. Yuunivarsiitii Jinkaatti korri qorannoo Aadaa fi Seenaa irratti xiyyeeffate geggeeffameera. Kora qorannoo kanarratti kan hirmaataan Yuunivarsiitii Kaalfoorniyaatti qorataan Sooshaal Antiropolojii Pirofeesar Doonaald L Donaahaam akka himanitti; Itoophiyaan aadaawwanii fi beekumsoota xabboo hedduu ajaa'ibsiisoo qabdi. Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa adda addaatti waggoota 50'f hojii qorannoo fi qo'annoo hojjechaa turuu himanii; qoarnnoo hawaasaa fi ilaalcha siyaasaa irratti Kitaaboota xiyyeeffatan hedduus barreesuu isaanii himaniiru. Waggoota qorannoo fi qo'annoof biyyoota Afrikaa keessa turan keessaa kan Itoophiyaa keessa turan guddaa ta'uu eeranii Itoophiyaan haala teesuma alafaa ja'ibsiisaa fi aadaa hedduun kan badhaatedha jedhaniiru. Qoratichi kora qorannoo kanarratti mata duree '' Hundeeffama Itoophiyaa fi beekumsoota xabboo walitti bu'insa furuuf'' jedhuun qorannoo dhiheesaniiru. Qoratichi qorannoo dhiheesaniin Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Itoophiyaatti walooma cimsuufi nageenya waaraa taasisuuf beekumsi xabboo karaa walitti bu'insa karaa aadaa furaniin gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Duudhaawwan kana Yuunivarsiitonnii fi dhaabbileen qorannoo qorannoo fi qo'annoon gabbisuun fayidaarra oolchuu qabus jedhaniiru.
Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne
Apr 16, 2024 130
Ebla 8/2016 (TOI) – Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne ta'uu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gabaasa biyyaalessaa haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaa ifoomsera. Odeeffannoon Sobaa fi Haasofni jibbiinsaa babal’achuun nageenya hawaasarratti dhiibaa uumuu gabaasa isaan ifa godheera. Maddii haasawaa jibbiinsaa miidiyaaleen hawaasaa qoodaan ijoon Abbootii Amantii tokko tokko, Aktiivistoota, qaamoleen siyaasaa fi rogeeyyiin miidiyaalee hawaasummaa fi qaamoleen dhuunfaa ta'uu gabaasa isaa kanaan ifoomseera. Haasofni jibbiinsaa kunneen saba, Amantii, afaan, eenyummaa, namoota dhuunfaa, garee, namoota bebbeekkamoo, namooa siyaasaa fi aanga’ootarratti kan xiyyeeffatan ta’uu abbaan taayitichaa gabaasa isaan eerera. Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa dambii fi qajeelfama kabajuun itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gaafateera.
Ispoortii
Sagantaan torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 18, 2024 127
Ebla 10/2016(TOI)- Taphoonni guyyaa jalqabaa torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a nitaphatamu. Tapha jalqabaa torbee 22ffaan Magaalaan Walqixxee Itiyoophiyaa Madin waliin sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan Walqixxee taphaoota liigichaa walitti aansee taphate shaniin altokko mo’atee altooko mo’amee alsadii walqixa baheera. Magaalaan Walqixxee qabxii 16’n sadarkaa 14ffaa qabatee qaxanaa gadibu’aarra jira. Itiyoophiyaa Nadin taphoota shan darbaniin altokko mo’atee altokko mo’ameera. Taphoota sadii walqixa baheera. Itiyoophiyaa Mqabxii 19’n sadarkaa 13ffaarra jira. Tapha lammaffaa galgala sa’aatii 1tti taphatamuun magaalaan Bahaardaarii fi Hadiyyaa Hoosaa’inaa nimorkatu. Magaalaan Bahaardaar taphoota walitti aanan shan taphateen hinmo’amne. Sadii mo’atee lamaan walqixa baheera. Magaalaan Bahaardaar qabxii 33’n sadarkaa 5ffaarra jira. Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota shan taphateen lama mo’atee tokkoon mo’amee lamaan walqixa baheera. Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii 30’n sadarkaa 8ffaarratti argama. Sagantaan torbee 22ffaa borus ittifufuun Hambarichoo Duraamee magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaan magaalaa Adaamaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphoonni torbee 22ffaan amma Ebla 13tti nitura. Piriimiyeer liigii kana baankiin daldala Itiyoophiyaa qabxii 43’, dursaa jira. Taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan goolii 12 galchuun dursaa jira. Taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee, taphataan Qiddus Giyoorgis Amaanu’eel Orboo, taphataan magaalaa Bahaardaar Charinnat Gugsaa fi taphataan magaalaa Adaamaa Yooseef Taarraqany qabxii walfakkaataa goolii 9’n hordofaa jiru. Taphoonni piriimiyer Liigii torbee 23ffaa amma 27ffaatti istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti akka taphataman waldaan aksiyoonaa liigichaa beeksiseera.
Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan har’a jalqabama
Apr 11, 2024 244
Ebla 03/2016(TOI)- Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan taphoota lama taphatamaniin har’a nijalqabama. Dursaan liigicha Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti nitaphatu. Baankiin daldalaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’amee lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Hawaasaa taphoota shan keessaa lama mo’atee lama mo’amee tokko ammoo qabxii qooddatee qabxii 26’n sadarkaa 10ffaarratti argama. Walaayittaa Diichaan magaalaa Dirreedawaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Walaayittaa Diichaan taphoota liigichaa shan taphateen sadiin mo’amee al lama walqixa bahee qabxii 24’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota liigichaa shan taphateen sadii mo’atee tokko walqixa nahe tokko ammoo mo’ameera. Magaalaan Dirreedawaa qabxii 29’n sadarkaa 9ffaarratti argama. Sagantaan torbee 21ffaa kanaan boru Faasiil KanamaaHambarichoo Duraamee waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti, magaalaan Bahaardaar Qiddus Goorgis waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 21ffaa kun amma Ebla 6 bara 2016tti nitura. Piriimiyeerliigii kana taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan galchii 11’n yemmuu dursu taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee galchiii 9’n hordofa jira.
Sagantaan torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 4, 2024 275
Bitootessa 26/2016(TOI)- Taphoonni torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabamu. Tapha baniinsaatiin magaalaan Walqixxee Walaayittaa Diichaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan walqixxee taphoota piriimiyeerliigii shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, lama mo’amee sadii walqixa abaheera. Qabxii 12’n sadarkaa 15ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarra jira. Walaayittaa Diichaan taphoota piriimiyeerliigichaa sha walitti aansuun taphateen hinmo’anne, sadiin mo’amee lama qabxii qooddateera, qabxii 24’n sadarkaa 11ffaarra jira. Tapha torbee 20ffaa biraatiin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa Hambaricho duraamee waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’ameera,lama ammoo walqixa baheera. Qabxii 37’n sadarkaa sadaffaarra jira. Morkataansaa Hambarichoo Duraamee taphoota shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, afur mo’amee tokko walqixa baheera, qabxii 7’n sadarkaa 16ffaarra jira. Boru Bunni Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaa magaalaa Dirreedawaawaliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 20ffaa kun amma 29 bara 2016tti nitura. Machaal qabxii 39’n dursaa jira. Taphataan sarara duraa taphataan magaalaa Hawaasaa Alii Suleymaan goolii 11’n yemmuu dursu taphataan sarara duraa magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee goolii 9’n lammaffaarra jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijataadha
Apr 22, 2024 281
Ebla 14/2016 (TOI) - Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijata ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksisee. Ibsa inistiitiyuutichi TOI'ttiif ergeen guyyoota kurnan dhufanitti naannaawwaa kibba, bahaa, kaaba bahaa fi giddu galeessa biyyattiitti roobni salphaa hanga cimaa ta'u akka roobu ibsameera. Haala kanaan, jiidhinni eegamu fedhii bishaanii oomisha waqtii arfaasaa kanaan dura facaafamee fi biqiltoota kanaan dura dhaabamanii jiraniif mijataa akkasuma oomisha watii gannaaf haala kan mijeesuu kan danda'udha jedheera. Qonnaan bulaan jiidhina jirutti fayyadamuuf oomisha isaa oomishuuf galteewwan barbaachisu akka qopheeffachuu qabu eerera. Naannaawwaa hanqina roobaa qabanitti roobni guyyoota kurnan dhufan jiru nyaata beelladaa fi hanqina bishaan dhugaatii furuuf gahee olaanaa waan qabuuf bishaan ooyiruu qonnaa fi bakka birootti kuusuun hojii jallisiifis dhimma itti bahuun barbaachisaadha jedhameera. Gama biraatiin naannoolee kaaba bahaa, bahaa fi kibba bahaa biyyattiitti jiidhinni olaanaan akka eegamu raagni meetirooloojii ni mul’isa. Haalli kun ooyiruu irra dalaliin akkachiisuu fi biyyeen lolaan akka dhiqamu gochuu waan danda'uuf ofeeggannoon barbaachisaan taasifamuu akka qabu instiitiyutichi beeksiseera. Hojii ofeeggannoo cinaattis jiidha jiru dhimma itti bahuuf tattaaffiin taasifamuu qaba jedheera.
Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatameera-abbaa taayitichaa
Apr 18, 2024 111
Ebla 10/2016(TOI)- Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa abbaan taayitaa taayitaa eegumsa naannoo Finfinnee beeksise. Hojii gaggeessaan olaanaa abbaa taayitichaa obbo Didhaa Dirribaa TOItti akka himanitti, abbaan taayitichaa baatiiwwan sagal darban hojii to’annoo addaddaa taasisaa tureera Haala Kanaan baatilee sagalitti dhaabbilee kuma 7 fi 294 to’achuuf karoorsee dhaabbilee kuma 7 fi 598 to’achuun karoorasaa harka dhibbaa ol milkessuusaa dubbataniiru. To’annoo fi hordoffii cimaa taasifameen dhaabbilee naannawa faalan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfii fudhachuusaa mirkaneessaniiru. Kanneen keessaa kuma 1 fi 661 ofeeggannoon kan kennameef yoo ta’u kanneen kallattii kennameefiin osoo hin hojjetiin hafan dhaabbilee 59 saamsamamuusaanii dubbataniiru. Abbaan taayitichaa dhaabbileen akkaataa ergama dhiibbaa naannawaa to’achuuf kennameefiin seera kabajanii akka hojjetan to’annaa fi hordoffii taasisu cimsee itti fufuusaa ibsaniiru.
Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 13, 2024 189
Ebla 05/2016 (TOI)-Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qopheessuusaa biiroon eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaa naannichaa beeksise. Daarektarri hariiroo ummataa biirichaa obbo Yuusuuf Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, biirichi biqiltuuwwan rakkoolee sababa jijjiirama haala qilleensaan uumaman qolachuuf gargaaran baay’isuun sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan biirichi jiddugaleessota moodelaa Jigjigaa biqiltuun itti baay’ifamu, Godee, Doolloo Addoo fi Dagaahaabuuritti hundeeffamanitti biqiltuu qopheessuusaa ibsaniiru. Naannawoota naannichaa rooba arfaasaa argatanitti Ebla 15 bara 2016 irraa kaasee biqiltuun akka dhaabamu daarektarichi beeksisaniiru. Kana malees ganna dhufu biqiltuuwwan addaddaa naannichatti dhaabaman miiliyoona lama dhaabuuf qophiirra aka jiran ibsaniiru. Hojii gaggeessaan jiddugala biqiltuu moodelaa Jigjigaa obbo Ayyaanlee Hasan, buufanni biqiltuu jiddugaleessicha jalatti hundaa’e biqiltuu baay’isuun kutaalee hawaasaa fi dhaabbileef tolaan akka raabsu beeksisaniiru. Buufanni kun yeroo ammaa akaakuu biqiltuu 32 baay’isaa akka jiru dubbataniiru. Namoota jiddugaleessichatti carraan hojii uumameef keessaa adde Zayinab Ahimad yaada kennaniin kunuunsa biqiltuu jiddugaleessichatti tasisaa jiranitti akka gammadan ibsaniiru. Waggoottan darba naannoo Somaaleetti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mukaa miiliyoona 51 ol dhaabaman keesaa harki 71 qabachuusaa odeeffannoon biiroo eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaarraa argame nimul’isa.
Naannoo Tigraayitti Ganna dhufu biqiltuu miiliyoona 20 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.
Apr 5, 2024 216
Bitootessa 27/2016 (TOI) - Naannoo Tigiraayitti ganna dhufu dhaabuuf biqiltuun miliyoonni 20 qophaa'aa jirachuu Biiroon Qonnaa fi eegumsa qabeenya uumamaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksiseera. Biirichatti daarektarri Misooma fi ittifayyadama bosonaa obbo Tasfaay Teklehaayimaanoot TOI'tti akka himanitti; Ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu miliyoona 20 dhaabuuf qophiin taasifama jira jedhaniiru. Naannichaatti hojiin kununsa qabeenya uumama hojjetama jirachuu himanii bara kana lafa heektaara kuma 38 irra biqiltuu dhaabuuf hojjetama jirachuu himaniiru. Hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bona darbe hojjetameen jiidha kuusuun hojii misooma bosonaa ganna kana hojjetamuuf haala mijataa uumaa jira jedhaniiru. Barbaachisummaa misooma bosonaa fi eegumsa naannoo irratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamuus himaniiru. Yeroo ammaa naannichatti bufataalee biqiltuu adda addaa keessatti biqiltuun miiliyoona 20 fi kuma 556 biqilfamaa jiraachuu ibsaniiru. Biqiltoonni naannichatti buufataalee biqiltuu mootummaa, waldaa fi dhuunfaa 195 keessatti qophaa'aa jiran harki caalaan isaanii fayidaa dinagdee kan qaban ta'uu eeraniiru.
Gabaasa addaa
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 500
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 1875
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.