ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Godinichatti bunni qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 gabaa jiddu galeessaaf ni dhihaata
Nov 21, 2025 34
Sadaasa 12/2018(TOI)-Godina Harargee Lixaattii buna qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 caalu gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri daldalaa godinichaa beeksise. Bakka bu’aan hoogganaa waajjirichaa obbo Qaasim Jamaal TOI’f akka ibsanitti, godinichatti buna lafa heektaara kuma 130 caalu irratti misoomerraa buna qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 caalaa gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira. Karoorri buna gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf barana qabame kan bar-dheengaddaa toonii kuma 1 akka caalu eeraniiru. Qulqullina bunaa mirkaneessuuf asheeta buna diimaa funaanuun sireerratti gogsuun gabaarratti dorgomaa ta’uun akka danda’amu hojmaannii diriirfamuu dubbataniiru. Buna qulqulluu gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf daldaltoonni 132 fi Yuuniyeenonni lama eyyama fudhachuusaanii ibsaniiru. Yuniyeenii fi daldaltoonni kunneen Industiriiwwan35tti buna goge mulqanii qopheessanii gabaaf akka dhiheessan dubbataniiru. Hoji gaggeessaan Yuniyeenii waldaa hojii gamtaa Burqaa Galeyittii obbo Sofiyaan Ahimad akka jedhanitti, waldaaleen Yuniyeenicha jala jiran qulqullina bunaa mirkaneessuuf funaanuurraa eegalee amma gabaa bahutti qulqullinaaf xiyyeeffannoo akka kennan hubannoon kennameera. Waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godina Hrargee Lixaatti dursaan garee bunaa fi misooma mi’eessituu obbo Olumaa Badhaanee gamasaaniin, qonnaan bunaa buna bilchaataa diimate qofa funaanuun qabdoo qulqulluun gabaa jiddu galeessaf akka dhiheessan ogeeyyonni qonnaa deeggarsa gochaafii jiru jedhaniiru.
Paarkii Industirii Magaalaa Naqatee saffisaan xumuruuf hojjetamaa jira
Nov 21, 2025 24
Sadaasa12/2018(TOI )-Paarkii Industirii Magaalaa Naqatee saffisaan xumuruun gara hojiitti galchuuf hirmaannaan taassifamaa jiraachuun ibsame. Ijaarasa paarkii industirii misooma Qonna Qindaa’aa Naqamtee kutaa Lixa biyyattii qabeenya misooma qonnaa jiru galtee dabaluun walitti hidhaminsa gabaa uumuuf kan kaayyeffatedha. Ijaarsa paarkii industirii qonnaaf baajatni birrii biiliyoona 6 ramadamuun hojjetamaa kan jiru omisha qonnaarratti galtee dabaluun gabaaf dhiheessuun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf qooda akka qabaatu amanameera. To’aataan Ijaarsa paarkii industirii Magaalaa Naqamtee Obba Bayyanaa Jabeessaa, bara 2013 eegalee sababa adda addaan harkifataa kan ture paarkiin industirii kun, saffisaan xumuruun gara hojiitti galchuuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Paarkichi Lafa hektaara 250 irra kan buufatee fi marsaa lamaan kan ijaaramu yoo ta’u qaama ijaarsa marsaa jalqabaa kan ta’e Gamoon Bulchiinsaa, Dallaa, Konteenaraa fi lafasaa qulqulleessuun hojjetamuu ibsaniiru. Paarkichi xumuramee gara hojiitti galuun Omisha Qonnaa Naannoo sanaa qindeessuun gabaaf oolchuun fayyadamummaa Diinagdee Qonnaan bulaa akka guddisu kan himan immoo hojii gaggeessa paarkii industirii Naqamtee Injiinar Mootii Mul’ataati. Kanaanis namoota kuma 20’f carraa hojii uumurra darbee godinaalee ollaa fi hawaasa naannichaaf walitti hidhaminsa gabaa akka mijeessu dubbataniiru. Gorsaan paarkichaa obbo Sisaay Asaffaa gamasaaniin, paarkichi omisha qonnaa qindeessuun omisha alaa galan bakka buusuu fi dabaluun gabaaf dhiheessuuf qooda olaanaa qabachuu ibsaniiru. Ijaarsi paarkicha carraa hojii yeroo uumuurra darbee cehumsa Teekinooloojiif akka deeggaru hubachiisaniiru. Jiraataan magaala naqamtee obbo Abiyyuu Dhibbisaa, carraa hojii ijaarsa paarkichaan uumameefiin ofiisaa fi maatiisaa bulchaa jiraachuu himaniiru. Paarkichi misoma qonnaa naannoo beekamu caalaatti akka omishuu fi carraa hojii uumuun humna dabalataa akka ta’u abdii godhachuusaanii ibsaniiru.
Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa qorannoolee akaakuu gara garaa 300 geeggessaa jira
Nov 21, 2025 47
Sadaasa 12/2018(TOI) Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa qorannoo akaakuu gara garaa 300 ol gaggeessaa jiraachuu beeksise. Giddugalichi qorannoolee haara'aa geeggessaa jiruun cinaatti isaan bara darbe gadhiifaman gosa gara garaa lafa heektaara 210 caalurratti sanyiilee ka'umsaa baay'isaa jiraachuunis ibsameera. Hojii gaggessaan Giddugalichaa Obbo Taammanaa Miidhaqsaa giddugalichi tattaffii wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru qorannoon deeggaraa jiraachuu dubbatan. Qorannoolee akaakuu gara garaa 300 caalan bara bajatichaatti geeggeffamaa jiran agarsiiftuu carraaqqii kanaa ta'uu eeran. Qoranooleen geeggeffamaa jiran keessaa misooma midhaanii, qabeenya uumamaa, qorannoo bunaafii shaayii dabalatee adeemsa hojii saddeet jalatti geggeffamaa jiraachuus eeran. Giddugalichi qorannoolee geeggeffamaa jiran keessaa hanga xumura bara bajatichaatti isaan bu'a qabeessa ta'an 45 fayyadamtoota biraan gahuuf karoorfachuus yaadachiisan. Qorannoolee haara'aa geeggeffamaa jiraniin cinaatti sanyiilee ka'umsaa bara darbe keessa gadhiifaman akaakuu gara garaa lafa heektaara 210 irratti baay'isaa jiraachuus ibsaniiru. Sanyiileen baay'ifamaa jiranis oomishtummaa caalmaa dhibbantaa 10 olii isaan dura gadhiifamanirraa kan qaban ta'uus yaadachiisan. Giddugalichi baroottan dabran keessa akka adeemsa qorannoo midhaaniitti bu'aalee qorannoo 106 ta'an baasuun fayyadamtoota biraan gahuu kan yaadachiisan ammoo abbaa adeemsa qorannoo midhaanii fi qorataa ol'aanaa midhaan dheedhii fi dibataa Obbo Taaddalaa Taaddasaati. Dhaabbilee seera qabeessa midhaan dheedhii fi dibataa bal'inaan baay'isuun qonnaan bulaa biraan gahurratti hojjatan wajjiin qindoominaan hojjachuuf fedhii kan qaban ta'uus yaadachiisan. Giddugalichatti qorataan dhibee midhaanii Obbo Daanyee Korraa gama isaaniitiin giddugalichi hudhaalee oomishtummaa kanneen akka aramaa, dhibee midhaani fi itti fayyadama keemikaalaa irratti qorannoo geeggessuun cinaatti leenjii hubannoo qonnaan bultootaaf kennaa jiraachuu kaasan. Keessattuu dhibeen mataa shamsaa oomishtummaa qamadii miidhaa jiru qorannoo isaanii ijoo keessaa tokko ta'uus dubbatan. Bara 1978 kan hundaa'e Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa hanga ammaatti bu'aalee qorannoo akaakuu gara garaa 116 baasuun fayyadamtoota biraan gahuu odeeffannoon Giddugalichaa ni agarsiisa.
Manni murtichi himatamaa yakka ajjeechaa Ogeessa wal’aansaa Hospitaala Xibabe Giyoon kan tura Dr.Andu’alam Daanyee rratti raawwate hidhaa cimaa wagga 25 itti murteesse
Nov 21, 2025 45
Sadaasa 12/2018(TOI )-Manni Murtii olaanaa Baahaar Daarii fi naannoosaa himatamaa yakka ajjeechaa Ogeessa wal’aansaa hospitaala ispeeshaalayizdii Xibabe Giyoon kan turan Dr.Andu’alam Daanyeerratti raawwate adabbii hidhaa cimaa waggaa 25 itti murteesse. Manni Murtii olaanaa Baahaar Daarii fi naannoosaa dhadacha murtii har’a ooleen himatamaa Ogeessa wal’aansaa hospitaala ispeeshaalayizdii Xibabe giyoon kan turan Dr.Andu’alam Daanyee irratti raawwate irratti odeeffannoo fi ragaa dhihaate bu’uura godhachuun murtii dabarseera. Ajjeechaa himatamaan kun Doktarii kanarratti raawwatan Amajjii 24 bara 2017 galgala magaalaa Baahir Daaritti konkolaataasaanii osoo oofanii eeguunii fi qophaa’uun rasaasaa dhukaasuun ajjeesuu manni murtichi raagaa dhihaateen mirkaneesseera. Yeroo sana sa’aatii walfakkaataatti doktara wal’aansaa biroorraatti rasasa dhukaasuun qaama konkolaataasaanii rukutuun yaaliin ajjeechaa taassifamuu manni murtichi ragaan mirkaneesseera . Yakki Ajjeechaa erga raawwatamee eegalee ragaa fi odeeffannoo walitti qabuun garee qorannoo cimaa dhaabatee hojiisaa xumuruun mana murtiif dhiheesseera. Adeemsa qorannoo kan keessatti qajeelcha polisii olaanaa naannichaa fi Bulchiinsa Magalichaarraa gareen qorannoo hundaa’ee halkanii fi guyyaa odeeffannoo fi ragaa walitti qabuun yakkicha kan raawwachiisanii fi kan raawwate bira ga’uun danda’ameera. Bu’uuruma Kanaan manni murtii Baahir Daarii fi naannooshee bu’a qorannoo dhihatee fi bu’uura godhachuun dhaddachaa har’a ooleen nama dhuunfaa yakkicha raawwate Issubaaloo Nabar irratti murtii adabbii hidhaa cimaa wagga 25 dabarseera.
Misoomni Ruuzii Ergama Oomisha Alaa Galu Bakka Buusuuf Qabame Milkeessaa Jira
Nov 21, 2025 36
Dilbiiwwan qabeenya uumamaa fi haala mijaawaa qabnutti sirnaan fayyadamuu dhabuu irraa kan ka’e oomishaaleen gara garaa baasii olaanaan biyya alaarraa galfamaa turaniiru. Jijjiiramaan booda tarkaanfii haaraa cabiinsa dinagdee qolachuuf hojiirra oolfameen oomishaaleen biyya alaarraa galfamaa turan biyyuma keessatti misoomsuun milkaa’inootni galmaa’aa jiru. Mootummaan milkaa’inoota argaman babal’isuun galmoota misooma Baadiyaatiin qabaman wabii nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, oomishaa alaa galu biyya keessatti oomishuufi carraa hojii uumuuf hojii hojjetamaa jiruun boqonnaa haaraa saaquun danda’eera. Ergama hiyyummaa qolachuun badhaadhina amansiisaa fiduuf qabame kana galmaan ga’uufis Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee Qonnaatiin Inisheetiiviiwwan garaagaraa 33 ol bocuun hojiitti hiike keessaa misoomni Ruuzii isa tokkodha. Misooma Ruuzii gaggeeffamaa jiruunis omisha alaa galu biyya keessatti oomishuun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee alergii guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Misoomni Ruuzii bifa aadaatiin Lixa Oromiyaatti misoomaa kan ture yoo ta’u bara 2014 mootummaan labsii Beddellee labsuun hojiirra oolchee oomisha alaa galu bakka buusuuf misoomsuun eegalame. Kanaanis bara oomishaa 2013/2014 lafa hektaara kuma 16 irratti misoomsuun callaa kuntaalli kuma 800 ol argameera. Muuxxannoo argame Godinaalee Kibba Lixaafi Lixa Oromiyaatti babal’isuun bara oomishaa 2014/2015 keessa lafa hektaara Kuma 100 ol misoomsuun callaan kuntaalli mil. Afur ol kan argame yoo ta’u bara oomisha 2017/2018 lafa hektaarri miliyoona 1.28 Ruuziin misoome irraa callaa kuntaala miliyoona 58.5 argachuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa sanyii Ruuzii fooyya’aa oomishtummaa olaanaa argamsiisu hojiirra oolchuun ergama Ruuzii biyya keessatti oomishuuf qabame milkeessuuf misooma Ruuzii Godinaalee Oromiyaa Saddeet keessatti babal’isuun danda’ameera Golli Oromiyaa Waqtiilee Hundaa Misooma! Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa Sadaasa 2018 Finfinnee
Siyaasa
Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummatootaa tokkummaa biyyoolessaa cimsuu fi badhaadhina biyyaa keessatti gahee murteessaa taphachaa jira
Nov 21, 2025 74
Sadaasa 12/2018(TOI)-Guyyaan ayyaana kabaja Saboota,Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun, badhaadhina biyyaaf shoora olaanaa bahachaa jiaraachuu Af-yaa’iin Mana Mare magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadiir ibsani. Waltajjiin marii hawaasaa qaama kabaja guyyaa saboota, sablammootaa fi uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa ta'e, magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru, irratti bakka bu'oonni Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi bakka bu’oonni naannolee irraa dhufan hirmaataa jiru. Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee,Buzeenaa Alkadir haasaa waltajjicharratti taasisaniin, guyyaan kun hariiroo walii gabbisuu fi wal baruu, akkasumas bu’aa misoomaa sadarkaa biyyaatti galmaa’aa jiru ilaaluuf gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjiin marii kun kan qophaa’e, hariiroo hawaasaa fi uummataa bu’aa qabatamaa mul’ata badhaadhinaa ilaaluu fi muuxannoo wal jijjiiruuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Waggoota jijjiiramaa darban keessatti biyyittiin gama hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan guddina ajaa’ibsiisaa galmeessisaa jirti jedhan. Biyyi keenya wabii nyaataan of danda’uuf adeemsa jalqabdee hojjechaa jirtu bu’a qabeessa ta’uu kaasaniiru. Bara kana yeroo abdiin guddinaa keenyaa sadarkaa olaanaa irra jiru, magaalaa Finfinneetti guyyaa kana waliin kabajuun injifannoo irratti gammachuu qooddachuu qofa osoo hin taane, abdii egeree galmaan ga’uuf qormaata ogummaadhaan injifachuuf yerootti waadaa galamu akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Misoomni hunda galeessa milkaa’uu kan danda’u, tattaaffii mootummaan qofa osoo hin taanee hirmaannaa uummataatiin, tattaaffii waloo akka barbaadu Af-yaa’iin kuni hubachiisaniiru. Nageenya waaraa fi Itiyoophiyaa badhaate dhaloota egereef dabarsuu keessatti lammiileen hundi gumaacha barbaachisaa gochuun akka irraa eegamu cimsanii dubbataniiru.
Ministirri muummee Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim turtii Itiyoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’an
Nov 20, 2025 327
Sadaasa 11/2018(TOI)- Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim daawannaa Itiyoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’aniiru. Ministirri Muummichaafi jilli isaanii gara biyya isaaniitti yeroo deebi’anitti, itti aanaan Ministira Muummee Itiyoophiyaa Tamasgeen Xurunaa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaa ho’aa taasisaniiruufi. Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim daawannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisaniin muummicha ministiraa Itiyoophiyaa dooktar Abiy Ahimad waliin hariiroo hunda galeessa biyyoota lameenii irratti mari’achuu himaniiru. Biyyoonni lameen, dameewwan turizimii, tajaajila geejjibaa qilleensaa fi tajaajila fayyaa irratti waliigaltee wal ta’insaa waliif mallatteessaniiru. Kana malees, waliigaltichi gama walta’iinsa hariiroo, Mana Maree magaalaa Kuwaaraa Laampuurii fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim daawannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisaniin,Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawwataniiru. Bakka pireezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaasee argamanitti, Ministirri Muummee Feedereeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim, Fooramii diinagdee olaanaa Itiyoo-Maaleezhiyaa, Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffame irratti hirmaataniiru. Hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Maaleezhiyaa gara tumsa diinagdee olaanaatti jijjiiruuf daawwannaan isaanii Itiyoophiyaa keessatti taasisan gahee murteessaa akka qabus mirkaneessaniiru. Ministirri Muummee Federeeshinii Maaleezhiyaa, Biyya Baha Fagoo Eeshiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahim daawwannaa isaanii guyyoota lamaaf Itiyoophiyaatti taasisaa turan xumuranii gara biyya isaaniitti deebi'aniiru.
Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan tumsa walta’insa industirii raayyaa ittisaa irratti mari'atan
Nov 20, 2025 198
Sadaasa 11/2018(TOI)- Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan walta’iinsa tumsa industirii ittisaa irratti waliin hojjechuuf marii’ataniiru. Ministirri Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa injiinar Aayishaa Mohaammadii fi jilli Ministira Industirii Ittisaa Azarbaajaan Vuugaar Mustafaayiin durfamu dhimmoota tumsa biyyoota lameenii irratti mari’ataniiru. Marii isaanii irratti Ministirri Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa injiinar Aayishaa Mohaammad, Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa industirii ittisaa cimsuu irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan tumsa biyyoota lameenii cimsuuf kutannoo akka qabdu odeeffannoon miidiyaan oonlaayinii Raayyaa ittisaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf erge ni mul’isa. Ministirri Vuugar Mustafaay gama isaaniitiin biyyi isaanii tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoon akka hojjettu mirkaneessaniiru. Biyyi isaanii Itiyoophiyaa, michuu industirii ittisaa taasisuuf fedhii akka qabdus akeekaniiru.
Ministirri muummee Maaleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawattan
Nov 19, 2025 289
Sadaasa 10/2018(TOI)-Ministirri Maaleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawattaniiiru. Ministirri muummee Maaleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahim Yaadannoo Injifannoo Adwaa ibsituu aadaa boonsaa ummata gurraacha hundaa kan ta’e daawwachuu isaanii Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru. Turtii Ministirri Muummee Maaleeyhiyaa Finfinneetti taasisan bu’aa qabeessa akka ta’u aadde Adaanech Abeebeen hawwii isaanii ibsaniiru.
Pirojaktoonni misoomaa carraa guddina egeree Itiyoophiyaaf shoora olaanaa qabu
Nov 19, 2025 207
Sadaasa 10/2018(TOI)-Hoggantoonni paartilee siyaasaa walmorkattoonni turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisan akka jedhanitti, pirojektoonni misooma biyyoolessaa gurguddaan mootummaan labse abdii egeree Itiyoophiyaa fooyyessuu fi misooma hunda galeessa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Pirojektoonni misooma biyyoolessaa bal’aan Doolaara biiliyoona 30 muummichi ministiraa Dr. Abiy Ahimad Gubaa irratti ifoomsan, badhaadhina Itiyoophiyaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Pirojaktoonni muummichi ministiraa ifoomsan gurguddoon kunniin,xaa’oo biyyee, warshaa niwukilara gabbisuu, ijaarsa daandii qilleensaa guddicha Afrikaa, warshaa gaazii, warshaa boba’aa qulqulleessu, akkasumas ijaarsa manneen miliyoona tokkoo fi walakkaa ol ta’an ni argamu. Itti aanaan dura taa’aa Paartii Dimokraatawaa Hibiir Itiyoophiyaa obbo Abarraa Baqqalaa, lammiileen Itiyoophiyaa deeggarsa eenyuunuu osoo hin barbaadiin,ofii isaaniin pirojaktoota gurguddaa galmaan gahuu akka danda’an fakkeenya guddaan milkaa’uu Hidha Guddicha haaromsa Itiyoophiyaa ta’uu himaniiru. Pirojektoonni gurguddaan mootummaan hojjechaa jirus dandeettii Itiyoophiyaan kana gochuuf qabdu akka dabalu, akka paartiittis ni deeggarra jedhan. Paartii Dimokiraatawaa Boorootti itti gaafatamaan kutaa hariiroo alaa fi idil-addunyaa dooktar Mabraatuu Alamuu akka jedhanitti, fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf pirojektoonni mootummaan eegale misooma hundagaleessa kan mirkaneessanidha. Hogganaan olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Qajeelaa Mardaasaa gama isaaniin, piroojaktoonni misoomaa gurguddaa guutuu biyyattiitti hojjetamaa jiran uummanni fayyadamoo akka ta’an ibsuun hojiirra oolmaa isaaniis ni deeggarra jedhan. Itti aanaan dura taa’aa paartii dimookiraatawaa Hibiir Itiyoophiyaa obbo Abarraa Baqqalaa akka jedhanitti, piroojektoota kunneen dhugoomsuun abdii egeree Itiyoophiyaa ni fooyyessa jedhan. Paartii Dimokiraatawaa Hibiir Itiyoophiyaatti itti Gaafatamaan Kutaa Hariiroo Dhimma Alaa fi Idil Addunyaa kan ta’an dooktar Mabraatuu Alamuu akka jedhanitti, piroojaktoota misoomaa mootummaan hoojechiisaa jiru milkaa’inoota isaaniif paartileen morkattootaa gahee isaanii akka ba’ataniif hojmaanni bu’uura seeraa diriiruu qaba.
Galmeen kadhimamtoota paartiilee siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dorgomanii har’aa eegalee ni gaggeeffama
Nov 17, 2025 370
Sadaasa 8/2018(TOI)-Galmeen kadhimamtoota paartiilee siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dorgomanii har’aa eegalee akka gaggeeffamu boordiin filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa beeksise. Galmeen kaadhimaamtoota dhuunfaa yeroo itti eegalu fuulduratti akka ifoomu eerameera. Boordiin filannoo paartioilee siyaasaa filannoo walii galaaf dorgomaniif waamicha taasiseen kaadhimamtootasaanii siistama boordichi ibseen fayyadamuun akka galmeessisan waamicha dhiheessaniiru. Odeeffannoo barbaachisoo Galmicha raawwachuuf dandeessisan guutuun yeroo Sadaasa 8 hanga 23 bara 2018tti jiru gidduutti Waajjira Muummee Boordichaa fi ammaan dura paartichi bakka bu’aa/buutuu beeksisetii qaamaan dhihaachuun sanada akka dhiheessan hubachiiseera. Paartiileen siyaasaa unkawwan toora marsariitii https://nebe.org.et/en/node/725 argachuu akka danda’an eeraniiru. Paartiileen siyaasaa filannoo biyyoolessaa 6ffaarratti dorgoman mallattoowwan dorgommiif fayyadaman filannoo walii galaa 7ffaaf fayyadamuuf mirga dursaa akka qaban boordichi ibseera. Paartiileen siyaasaa ulaagaa seerasaa hordofee mallattoo dorgommii mataasaanii dhiheessuu akka dandaa’anii fi filannoo biroon boordichatti qaamaan dhihaachuun mallattoo dorgommii boordichi tarreesse dhiheessu keessaa filachuu akka danda’an hubachiisaniiru. Galmeen kaadhimamtoota dhunfaa appilikeeshinii boordichi dhihesseen akka raawwatuu fi yeroo eegalu ilaalchisuun boordichi gara fuuldutraatti akka ifoomsu beeksiseera.
Gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin yaalii taasisuus Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigray duraanii gufuu nutti ta’eera
Nov 17, 2025 316
Sadaasa 08/2018(TOI)-Gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin yaalii taasisuus Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigray duraanii gufuu nutti ta’eera jechuun jiraattonni Shiree Indasillaasee qe’ee isaaniirraa buqqaafaman dubbatan. Dhimma kana irratti kanaan dura ibsa kan kennan pirezdaantiin yeroo mootummaa naannoo Tigraay duraanii obbo Geetaachoo Raddaa, qaamoleen buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka hin deebineef haala jirutti fayyadamuuf hojjetan naannicha keessa akka jiran ibsuun isaanii ni yaadatama. Galaachaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Shiree Indasillasee buqqaatota waliin turtii taasiseen, Buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka hin deebineef danqaa guddaa kan itti ta’an hoggantoota ABUT duraanii ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Federaalaa akka qe’ee keenyatti deebinuuf irra deddeebiin yaalii taasisus akka hin milkoofneef hoggantoonni ABUT duraanii waan kuni akka hin milkoofne gochaa jiruu jedhan buqqaatonni yaada isaanii TOIf kennan. Sababa kanaanis waggoottaniif rakkoo adda addaaf saaxilamneerra jedhan. Waggoottan 5 dura, ijoolle isaanii 5 waliin Walqaayit irraa buqqaafamanii yeroo ammaa Shiree Indaasillaasee magaalaa Adii Kantiibaay mana barumsaa keessa buufatanii kan jiran obbo Anbassaa Barihee gara qe’ee keenyaatti deebina jennee waggootaaf abdii godhannee eegnus furmaata dhabne jechuun dubbataniiru. Dhimma kanarratti mootummaan Federaalaa ejjannoo cimaa qabatee hojjechaa jiraachuu beeknus garuu hoggantoonni ABUT duraanii akka nuti qe’ee keenyatti hin deebine gufuu nutti ta’aniiru jedhan. Haa ta’u malee nuti ammas abdii osoo hin kutiin eeggachaa jirra waan ta’eef mootummaan Fedraalaa gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf deeggarsa akka nuuf taasisu gaafanna jedhaniiru. Buqqaatota biroo yaada isaanii TOIf kennan keessaa aadde Li’iltii fi Obbo Habtoom Gabra Sillaaseen waggaa shaniif qe’ee ofiirraa buqqa’anii buufata tokko keessa jiraachuun hagam ulfaataa ta’uusaa eeruun, kanaan booda gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif deeggarsi barbaachisu akka taasifamuuf gaafataniiru. Muummeen Ministiraa Doktar Abiy Ahimad ibsa mana maree bakka bu'oota ummataaf kennan keessatti irra deddeebiin ummanni naannoo Tigraay nagaa fi misooma akka barbaadu eeruun, buqqaatonnis gara qe’ee isaaniitti deebi'uu akka qaban dubbachuun isaanii kan yaadatamudha.
Shoora Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinicharratti qabdu Awustiraaliyaan ni deeggarti- Ambaasaaddar Piiter Hanter
Nov 16, 2025 366
Sadaasa 7/2018(TOI)- Shoora guddaa Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinicharratti bahaa jirtu Awustiraaliyaan akka deeggartu Dr. ambaasaaddar Piiter Hanter ibsan. Awustiraaliyaan dameelee haaraan Itiyoophiyaa waliin tumsa taasisuuf fedhii qabdi jedhaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Awustiraaliyaa Dr. Piiter Hanter Gaanfi Afriikaa riijinii qormaanni wal xaxaan keessatti mul’atudha. Haala Kanaan Itiyoophiyaan gumaacha guddaan Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinichaatti taasisaa jirtu akka deeggartu dubbataniiru. Tumsi gam lame Awustiraaliyaa fi Itiyoophiyaa bal’achaa akka jiru ambaasaaddar Hanter dubbataniiru. Walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii, daldalaa, Invastimmantii fi barnoota akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Awustiraaliyaan mootummaa fi ummata Itiyoophiyaa waliin hariiroo gam lamee cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Riifoormii dinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu ambaasaaddarichi jajanii riifoormichi ofitti amanamummaa dureeyyii dabaluusaa fi carraalee haaraa uumuusaa ibsaniiru. Awustiraaliyaan tumsa damee turizimii, albuudaa fi qonnaan Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru. Jijjiiramuu Finfinnee akka dinqisiifatan kan dubbatan ambaasaaddarichi, kun ammo mallattoo guddina Itiyoophiyaati jedhaniiru. Dimmoota idil addunyaan wal qabatees Awustiraaliyaan waltajjiin hariiroo heddumminaa fooyyessi akka irratti taasifamu deeggarsa barbaachisaa akka taasiftuu fi Afriikaan shoorri addunyaa irratti murtee kennuu dandeessu guddachuu akka qabu dubbataniiru. Awustiraaliyaan nageenyaa fi misooma dabalatee tumsa Afriikaa waliin qabdu cimsuuf akka barbaaddu dabalanii dubbataniiru.

Hawaasummaa
Manni murtichi himatamaa yakka ajjeechaa Ogeessa wal’aansaa Hospitaala Xibabe Giyoon kan tura Dr.Andu’alam Daanyee rratti raawwate hidhaa cimaa wagga 25 itti murteesse
Nov 21, 2025 45
Sadaasa 12/2018(TOI )-Manni Murtii olaanaa Baahaar Daarii fi naannoosaa himatamaa yakka ajjeechaa Ogeessa wal’aansaa hospitaala ispeeshaalayizdii Xibabe Giyoon kan turan Dr.Andu’alam Daanyeerratti raawwate adabbii hidhaa cimaa waggaa 25 itti murteesse. Manni Murtii olaanaa Baahaar Daarii fi naannoosaa dhadacha murtii har’a ooleen himatamaa Ogeessa wal’aansaa hospitaala ispeeshaalayizdii Xibabe giyoon kan turan Dr.Andu’alam Daanyee irratti raawwate irratti odeeffannoo fi ragaa dhihaate bu’uura godhachuun murtii dabarseera. Ajjeechaa himatamaan kun Doktarii kanarratti raawwatan Amajjii 24 bara 2017 galgala magaalaa Baahir Daaritti konkolaataasaanii osoo oofanii eeguunii fi qophaa’uun rasaasaa dhukaasuun ajjeesuu manni murtichi raagaa dhihaateen mirkaneesseera. Yeroo sana sa’aatii walfakkaataatti doktara wal’aansaa biroorraatti rasasa dhukaasuun qaama konkolaataasaanii rukutuun yaaliin ajjeechaa taassifamuu manni murtichi ragaan mirkaneesseera . Yakki Ajjeechaa erga raawwatamee eegalee ragaa fi odeeffannoo walitti qabuun garee qorannoo cimaa dhaabatee hojiisaa xumuruun mana murtiif dhiheesseera. Adeemsa qorannoo kan keessatti qajeelcha polisii olaanaa naannichaa fi Bulchiinsa Magalichaarraa gareen qorannoo hundaa’ee halkanii fi guyyaa odeeffannoo fi ragaa walitti qabuun yakkicha kan raawwachiisanii fi kan raawwate bira ga’uun danda’ameera. Bu’uuruma Kanaan manni murtii Baahir Daarii fi naannooshee bu’a qorannoo dhihatee fi bu’uura godhachuun dhaddachaa har’a ooleen nama dhuunfaa yakkicha raawwate Issubaaloo Nabar irratti murtii adabbii hidhaa cimaa wagga 25 dabarseera.
Hospitaalonni Haarawaan Ijaarsarra jiran Gaaffii hawaasa keenyaaf deebii qabatamaa kennu - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Nov 21, 2025 46
Sadaasa 12/2018(TOI )- Hospitaalonni haaraan sadii Magaalaa Finfinneetti ijaarsarra jiran gaaffii hawaasa keenyaaf deebii qabatamaa kennuurra darbee tajaajila yaalaa ammayaa’aa kennaniin giddu gala gahumsaa ta’anii kan tajaajilan ta’u jechuun Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech har’a ganama hojiiwwan gaaffii hawaasaf deebiikennaan keessaa tokko kan ta’e adeemsa Ijaarsa Hospitaala walii galaa haraa sadii sadarkaa irra jiru qoranneerra jedhaniiru. Hospitaalonni kunneen hospitaalota qabnurra fooya’aa, tajaajila caalu kan kennan ta’uun ijaaramaa kan jiran yoota’u, ijaarsisaanii sadarkaa xumuramuurrati akka argamu ibsaniru. Hospitaalonni kunneen kutaalee magaalaa Aqaaqqii Qaallittii, Nifaas Silki Laaftooo fi Kolfee Qaraaniyotti kan argamanidha jedhaniiru. Hospitalonni kunneen bakka ammaan dura hospitaalonni hin jirretti ijaaramuunsaa dhaqqabamummaa haqa qabeesa Wal’aansaa babal’isuu dabalatee wal’aanamtoota guutuu Itiyoophiyaarratti dhufaniif tajaajila kan kennu ta’a. Walii gala siree ciisichaa kuma 1 fi 500 kan qabaatan yoo ta’u, yeroo ammaa ijaarsisaanii xumuramaa jira, xiyyeeffannoon keenya fuulduraa meeshaalee wal’aansaa ammayaa galchuudha jedhaniiru. Hospitaalonni haarawaan kun gaaffii hawasa keenyaa qabatamaaatti deebisuun olitti tajaajila wal’aansaa ammayaa’aa kennaniin, giddugala gahumsa ta’anii kan tajaajilan yoo ta’u, magaala kenya gidduugala Tuurizimii Fayyaa gochuuf galma qabame milkeessuuf humna dabalataa kan uuman ta’u jedhaniiru. Bulchiinsichi ijaarsa hospitaalotaa dabalatee Minilikitti, Raas Dastaa fi hospitaala Zawudituutti, hojiin ijaarsa babal’isuu hanga hospitaala haaraa ijaaruutti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Isaan keessaa babal’isuun hospitaala zawudituu xumuramee hojii eegaluu fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin ibsaniiru.
Dhibeen vaayirasii Maarbargi maalidha?
Nov 21, 2025 42
👉 Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhibee bifa weeraraan fi dhiiga dhangalaasuu mudatu ta’ee qamni baay’ee ho’udha. 👉 Dhala namaa fi beeyladootaa fi lubbu qabeeyyii biroorrattis mudachuu mala 📌 Mallattooleen dhibee vaayirasii Maarbargi maali? 👉 Afaan, funyaan ykn gogaa keessaa dhiigni dhangala’uu 👉 Ho’ina qaamaa olaanaa, qorrisiisuu fi mataa bowwuu 👉 Dhukkubbii maashaalee fi dugdaa 👉 Olguuruu, dhukkubbii garaa fi garaa kaasaa 👉 Laphee, dugdaa fi garaa irratti dhidhiitoo sirriitti mul’atu 👉 Vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota 2 hanga 9 gidduutti mallattooleen dhibichaa mul’achuu eegalu 📌 Dhibeen Maarbargi karaa akkamiin daddarba? 👉 Namoota dhibee vaayirasichaan qabaman dhiiga, fincaan,imimmaanii fi dhangala’oo biroo waliin tuttuqqaa kallattii taasisuun 👉 Nama dhibee kanaan qabamee ykn lubbuun darbe dhangala’oo qaamaan meeshaalee faalaman waliin tuttuqqaa qabaachuu 👉 Simbira halkanii dhibee vaayirasichaan qabamaniin daddarbuu danda’a #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI Misooma Kuduraa fi muduraa naannoo Itiyoophiyaa jiduu galeessaa godina Yemitti qonna qindaa’aan misoome(Suuraan)
Nageenya ijaa eeguu …
Nov 20, 2025 135
Namoonni hedduun Itiyoophiyaatti dhukkubbii ijaaf akka saaxilaman Ipeeshaalistiin olaanaa ijaa Dr. Yohaannis Abrihaam, tooftaawwan ittisaa sirnaan fayyadamauu akka qaban gorsu. Bu’uuruma Kanaan- - Manatsarii /kishaafee/ Aduu fi calaqqee iskiriinii kan hir’isu fayyadamuu - Nyaata Madaalamaa (kuduraa, killee, muduraa, talbaa, birookoolii fi kkf soorachuu ) - Qulqullina sirnaan fayyadamuu - Yeroo fayyadama iskiriinii daangessuu - Qorannoo ijaa waggaa waggaan taassisuu (keessumaa ijoollee fi namoota umrii wagga 40 ol ta’aniif ) ijarratti dhukkubbiin akka hin uumamne tooftaa ittisaa ta’uu hubachiisaniiru. - Tooftaawwan ittisaa darbee rakkoon ijaa yoo mudatu hospitaalota adda addaa biyya keessaatti wal’aansi akka kennamu ibsuun yeroon ogeessa mariisisuun sirrii ta’uu hubachiisaniiru.
Diinagdee
Godinichatti bunni qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 gabaa jiddu galeessaaf ni dhihaata
Nov 21, 2025 34
Sadaasa 12/2018(TOI)-Godina Harargee Lixaattii buna qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 caalu gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri daldalaa godinichaa beeksise. Bakka bu’aan hoogganaa waajjirichaa obbo Qaasim Jamaal TOI’f akka ibsanitti, godinichatti buna lafa heektaara kuma 130 caalu irratti misoomerraa buna qulqulluu toonii kuma 9 fi 800 caalaa gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira. Karoorri buna gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf barana qabame kan bar-dheengaddaa toonii kuma 1 akka caalu eeraniiru. Qulqullina bunaa mirkaneessuuf asheeta buna diimaa funaanuun sireerratti gogsuun gabaarratti dorgomaa ta’uun akka danda’amu hojmaannii diriirfamuu dubbataniiru. Buna qulqulluu gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf daldaltoonni 132 fi Yuuniyeenonni lama eyyama fudhachuusaanii ibsaniiru. Yuniyeenii fi daldaltoonni kunneen Industiriiwwan35tti buna goge mulqanii qopheessanii gabaaf akka dhiheessan dubbataniiru. Hoji gaggeessaan Yuniyeenii waldaa hojii gamtaa Burqaa Galeyittii obbo Sofiyaan Ahimad akka jedhanitti, waldaaleen Yuniyeenicha jala jiran qulqullina bunaa mirkaneessuuf funaanuurraa eegalee amma gabaa bahutti qulqullinaaf xiyyeeffannoo akka kennan hubannoon kennameera. Waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godina Hrargee Lixaatti dursaan garee bunaa fi misooma mi’eessituu obbo Olumaa Badhaanee gamasaaniin, qonnaan bunaa buna bilchaataa diimate qofa funaanuun qabdoo qulqulluun gabaa jiddu galeessaf akka dhiheessan ogeeyyonni qonnaa deeggarsa gochaafii jiru jedhaniiru.
Paarkii Industirii Magaalaa Naqatee saffisaan xumuruuf hojjetamaa jira
Nov 21, 2025 24
Sadaasa12/2018(TOI )-Paarkii Industirii Magaalaa Naqatee saffisaan xumuruun gara hojiitti galchuuf hirmaannaan taassifamaa jiraachuun ibsame. Ijaarasa paarkii industirii misooma Qonna Qindaa’aa Naqamtee kutaa Lixa biyyattii qabeenya misooma qonnaa jiru galtee dabaluun walitti hidhaminsa gabaa uumuuf kan kaayyeffatedha. Ijaarsa paarkii industirii qonnaaf baajatni birrii biiliyoona 6 ramadamuun hojjetamaa kan jiru omisha qonnaarratti galtee dabaluun gabaaf dhiheessuun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf qooda akka qabaatu amanameera. To’aataan Ijaarsa paarkii industirii Magaalaa Naqamtee Obba Bayyanaa Jabeessaa, bara 2013 eegalee sababa adda addaan harkifataa kan ture paarkiin industirii kun, saffisaan xumuruun gara hojiitti galchuuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Paarkichi Lafa hektaara 250 irra kan buufatee fi marsaa lamaan kan ijaaramu yoo ta’u qaama ijaarsa marsaa jalqabaa kan ta’e Gamoon Bulchiinsaa, Dallaa, Konteenaraa fi lafasaa qulqulleessuun hojjetamuu ibsaniiru. Paarkichi xumuramee gara hojiitti galuun Omisha Qonnaa Naannoo sanaa qindeessuun gabaaf oolchuun fayyadamummaa Diinagdee Qonnaan bulaa akka guddisu kan himan immoo hojii gaggeessa paarkii industirii Naqamtee Injiinar Mootii Mul’ataati. Kanaanis namoota kuma 20’f carraa hojii uumurra darbee godinaalee ollaa fi hawaasa naannichaaf walitti hidhaminsa gabaa akka mijeessu dubbataniiru. Gorsaan paarkichaa obbo Sisaay Asaffaa gamasaaniin, paarkichi omisha qonnaa qindeessuun omisha alaa galan bakka buusuu fi dabaluun gabaaf dhiheessuuf qooda olaanaa qabachuu ibsaniiru. Ijaarsi paarkicha carraa hojii yeroo uumuurra darbee cehumsa Teekinooloojiif akka deeggaru hubachiisaniiru. Jiraataan magaala naqamtee obbo Abiyyuu Dhibbisaa, carraa hojii ijaarsa paarkichaan uumameefiin ofiisaa fi maatiisaa bulchaa jiraachuu himaniiru. Paarkichi misoma qonnaa naannoo beekamu caalaatti akka omishuu fi carraa hojii uumuun humna dabalataa akka ta’u abdii godhachuusaanii ibsaniiru.
Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa qorannoolee akaakuu gara garaa 300 geeggessaa jira
Nov 21, 2025 47
Sadaasa 12/2018(TOI) Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa qorannoo akaakuu gara garaa 300 ol gaggeessaa jiraachuu beeksise. Giddugalichi qorannoolee haara'aa geeggessaa jiruun cinaatti isaan bara darbe gadhiifaman gosa gara garaa lafa heektaara 210 caalurratti sanyiilee ka'umsaa baay'isaa jiraachuunis ibsameera. Hojii gaggessaan Giddugalichaa Obbo Taammanaa Miidhaqsaa giddugalichi tattaffii wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru qorannoon deeggaraa jiraachuu dubbatan. Qorannoolee akaakuu gara garaa 300 caalan bara bajatichaatti geeggeffamaa jiran agarsiiftuu carraaqqii kanaa ta'uu eeran. Qoranooleen geeggeffamaa jiran keessaa misooma midhaanii, qabeenya uumamaa, qorannoo bunaafii shaayii dabalatee adeemsa hojii saddeet jalatti geggeffamaa jiraachuus eeran. Giddugalichi qorannoolee geeggeffamaa jiran keessaa hanga xumura bara bajatichaatti isaan bu'a qabeessa ta'an 45 fayyadamtoota biraan gahuuf karoorfachuus yaadachiisan. Qorannoolee haara'aa geeggeffamaa jiraniin cinaatti sanyiilee ka'umsaa bara darbe keessa gadhiifaman akaakuu gara garaa lafa heektaara 210 irratti baay'isaa jiraachuus ibsaniiru. Sanyiileen baay'ifamaa jiranis oomishtummaa caalmaa dhibbantaa 10 olii isaan dura gadhiifamanirraa kan qaban ta'uus yaadachiisan. Giddugalichi baroottan dabran keessa akka adeemsa qorannoo midhaaniitti bu'aalee qorannoo 106 ta'an baasuun fayyadamtoota biraan gahuu kan yaadachiisan ammoo abbaa adeemsa qorannoo midhaanii fi qorataa ol'aanaa midhaan dheedhii fi dibataa Obbo Taaddalaa Taaddasaati. Dhaabbilee seera qabeessa midhaan dheedhii fi dibataa bal'inaan baay'isuun qonnaan bulaa biraan gahurratti hojjatan wajjiin qindoominaan hojjachuuf fedhii kan qaban ta'uus yaadachiisan. Giddugalichatti qorataan dhibee midhaanii Obbo Daanyee Korraa gama isaaniitiin giddugalichi hudhaalee oomishtummaa kanneen akka aramaa, dhibee midhaani fi itti fayyadama keemikaalaa irratti qorannoo geeggessuun cinaatti leenjii hubannoo qonnaan bultootaaf kennaa jiraachuu kaasan. Keessattuu dhibeen mataa shamsaa oomishtummaa qamadii miidhaa jiru qorannoo isaanii ijoo keessaa tokko ta'uus dubbatan. Bara 1978 kan hundaa'e Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa hanga ammaatti bu'aalee qorannoo akaakuu gara garaa 116 baasuun fayyadamtoota biraan gahuu odeeffannoon Giddugalichaa ni agarsiisa.
Misoomni Ruuzii Ergama Oomisha Alaa Galu Bakka Buusuuf Qabame Milkeessaa Jira
Nov 21, 2025 36
Dilbiiwwan qabeenya uumamaa fi haala mijaawaa qabnutti sirnaan fayyadamuu dhabuu irraa kan ka’e oomishaaleen gara garaa baasii olaanaan biyya alaarraa galfamaa turaniiru. Jijjiiramaan booda tarkaanfii haaraa cabiinsa dinagdee qolachuuf hojiirra oolfameen oomishaaleen biyya alaarraa galfamaa turan biyyuma keessatti misoomsuun milkaa’inootni galmaa’aa jiru. Mootummaan milkaa’inoota argaman babal’isuun galmoota misooma Baadiyaatiin qabaman wabii nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, oomishaa alaa galu biyya keessatti oomishuufi carraa hojii uumuuf hojii hojjetamaa jiruun boqonnaa haaraa saaquun danda’eera. Ergama hiyyummaa qolachuun badhaadhina amansiisaa fiduuf qabame kana galmaan ga’uufis Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee Qonnaatiin Inisheetiiviiwwan garaagaraa 33 ol bocuun hojiitti hiike keessaa misoomni Ruuzii isa tokkodha. Misooma Ruuzii gaggeeffamaa jiruunis omisha alaa galu biyya keessatti oomishuun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee alergii guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Misoomni Ruuzii bifa aadaatiin Lixa Oromiyaatti misoomaa kan ture yoo ta’u bara 2014 mootummaan labsii Beddellee labsuun hojiirra oolchee oomisha alaa galu bakka buusuuf misoomsuun eegalame. Kanaanis bara oomishaa 2013/2014 lafa hektaara kuma 16 irratti misoomsuun callaa kuntaalli kuma 800 ol argameera. Muuxxannoo argame Godinaalee Kibba Lixaafi Lixa Oromiyaatti babal’isuun bara oomishaa 2014/2015 keessa lafa hektaara Kuma 100 ol misoomsuun callaan kuntaalli mil. Afur ol kan argame yoo ta’u bara oomisha 2017/2018 lafa hektaarri miliyoona 1.28 Ruuziin misoome irraa callaa kuntaala miliyoona 58.5 argachuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa sanyii Ruuzii fooyya’aa oomishtummaa olaanaa argamsiisu hojiirra oolchuun ergama Ruuzii biyya keessatti oomishuuf qabame milkeessuuf misooma Ruuzii Godinaalee Oromiyaa Saddeet keessatti babal’isuun danda’ameera Golli Oromiyaa Waqtiilee Hundaa Misooma! Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa Sadaasa 2018 Finfinnee
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli wiirtuun tokkoo Masoob magaalaa Jimmaa ifaajii fi dadhabbii hambisuun, yeroo fi humna keenya nuuf qusateera-Tajaajilamtoota
Nov 20, 2025 83
Sadaasa 11/2018(TOI)- Wiirtuun tajaajila tokkoo (MESOB),magaalaa Jimmaa ifaajiifi dadhabbii hambisuun, yeroofi humna nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni magaalaa Jimmaa. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sirna teeknooloojiin deeggaramuun, dhimmoota kenniinsa tajaajilaa irratti komii fi hudhaalee gama kanaan hawaasni kaasaa ture, hojmaata itti fufiinsa qabuun furuuf kan qophaa’e dha. Kenniinsa tajaajilichaa ilaalchisee turtii TOI waliin kan taasisan fayyadamaan wiirtuu sanaa obbo Mo’aaz Jihaad lakkoofsa gibiraa baafachuuf akka dhaqan himuun, tajaajila argatanitti gammaduun yeroo isaanii kan qusateef ta’uu dubbataniiru. Fayyadamaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob dargaggoo Asras Yohaannis, gama isaatiin, eeyyama konkolachisaa haaromsachuuf gara dhaabbatichaa kan deeme ta’uu eeruun, kanaan dura kenniinsa tajaajilaa waliin walqabatee hudhaaleen turan, wayita ammaa yeroo gabaabaa keessatti keessummeeffamuu ragaa baheera. Kenniinsi tajaajilichaas ammayyaa fi si’ataa waan ta’eef itti fufuu akka qabus dhaameera. Fayyadamtoota biroo aadde Indiyaa Mohaammad Amiinii fi aadde Kamiilaa Jamaal, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob yeroo fi rakkina odeeffannoo barbaaduu fooyyesseera jedhan. Tajaajilli kanaan dura ture beellama yeroo dheeraa qabsiisuu ture, ifaajii fi rakkoo hamaaf nu saaxilaa ture, amma garuu tajaajila si’ataa argachuun, yeroo fi maallaqa nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni kunniin. Kenniinsa tajaajilaa argatanittis gammadoo ta’uu isaanii himaniiru. Tajaajilii si’ataa fi ariifataan akkanaa jalqabame itti fufuu akka qabu dhaamaniiru. Magaalaa Jimmaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoobitti , itti aanaa hojii gaggeessaa obbo Jamaal Saaliin akka jedhanitti, tajaajilli ammayyaa kun bifa guutuu ta'een, ogeessota leenji'anii fi teeknooloojiin deeggaramee kennamaa jira. Itti dabaluunis tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob kun waajjiraalee 25 keessatti tajaajila gosa adda addaa 130 ol ta’een, teeknooloojiin deeggaramuun kennamaa jira jedhan. Kunis hojmaata badaa hambisuunii fi itti quufinsa tajaajila maamilaa guddisuun shoora olaanaa bahataa jira jedhaniiru obbo Jamaal.
Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksise
Nov 20, 2025 84
Sadaasa11/2018- Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksiseera. Baankichi baatii 2ffaa Nageenya Saayibarii yeroo kabajutti, Pirezidaantiin itti aanaa Tajaajila Korporeetii Baankichaa obbo Efreem Makuriyaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan misooma dijitaalaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennaa jirti. Kanumaan wal qabatee, boqonnaa jalqabaa tarsiimoo Dijitaalaayizeeshiniin gaggeeffamu (2020-2025) milkaa'inaan xumuruun gara boqonnaa Tarsiimoo Dijitaalaayizeeshinii 2ffaa (2025-2030)tti ce’uu ibsaniiru. Bittaa fi gurgurtaa waliigalaa baankichaa keessaa %90 gama dijitaalaan taasifamuu eeruun, kanas caalaatti guddisuuf hojjatamaa jiraachuu himaniiru. Kutaaleen nageenya saayibarii Tarsiimoo Nageenyaa hubannoo namtolcheen (AI)n deeggaramu hojiirra oola jedhaniiru. Aggaammii Saayibarii ittisuuf tumsi akka barbaachisu dhaamaniiru. Haleellaa saayibarii ittisuun hojii qaama tokkoo qofa akka hin taane eeruun, qaamotni dhimmi ilaallatu tumsa isaanii cimsuu akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.
Naannoo Oromiyaatti tajaajila fayyaa Dijiitaalaa babal’isuuf hojjetamaa jira – Biiricha
Nov 18, 2025 195
Sadaasa 9/2018(TOI)– Naannoo Oromiyaatti tajaajila fayyaa Dijiitaalaa dhaabbilee Wal’aansaa hundatti bal’isuun wal’aansa si’ataa dhaqqabamaa taassisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise. Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaan ifatti akka taa’etti tajaajilawwan mootummaa ammayyeessuun dijiitaala fayyaa dabalatee dameelee hedduu babal’isuun hojii tokkodha. Tajaajila Damee fayyaa dijiitalaayizii gochuuf siistemoota misoomsuu, bu’uuraalee misoomaa odeeffannoo teekinooloojii (ICT) diriirsuu, bulchiinsa Dijiitaalaa dhugoomsuu, akkasumas sirna hoj-maataa qopheessuun sadarkaa biyyoolessaatti hojiirra oolchuun hojiiwwan gurguddoodha. Itti Aanaann hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kibabaaw TOI’f akka ibsanitti, sirni dijiitaala fayyaa tajaajila fayyaa si’ataa, qulquullinasaa kan eeggatee fi Amansiisaa gochuu dandeessisa. Kun akka dhugoomu hospitaalota naannichaa filataman keessatti tajajila dijiitaalaa fayyaa waraqaarraa bilisa ta’e sadarkaa payileetiitti hojiirra oolee bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Kunis kenna tajaajila fayyaa ifa, dhaqqabamaa, ariifataa gochuu fi imala dijiitaalaayizeeshinii akka biyyaatti eegalameef boqonnaa guddaa banaa akka jiru dubbataniiru. Yeroo ammaa Hospitalota Naaannicha keessa jiran hundatti, sadarkaa buuftaa fi keellaa fayyaatti, babl’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii gaggeessan hospitaala waliigalaa Bishooftuu Dr.Taaddasaa Gonfaa gamasaaniin, hospitaalichi dhukkubsattoota miliyoona 3’f tajaajila kennaa jiraachuu ibsuun, tajaajilawwan wal’aansa gosa hundaa guutummaa guutuutti dijitaalayizii gooneerra jedhaniiru. Kunis deddebbii yaalamtootaa hir’isuun tajaajilamtoonni salphaatti ogeessotasaanii waliin akka wal hubatan gochuun tajaajila ariifataa akka argatan taassiseera jedhaniiru. Tajaajilli Dijiitaala Fayyaaa hojiirra ooluuun wal’aanamtootaaf tajaajilli qulqullina qabu akka kennamu taasisuurra darbee deddeebbii Yaalamtootaa hir’iseera kan jedhan immoo hojii gaggeessa walii galaa hospitaala Gindhiir Nuur Zalaami dha. Dijiitaalli fayyaa hojiimaata dameelee adda duree jijiiramaa Ammayyaa’aa fayyaa fidaa jiran keessatti kan eeraman ta’uu hubachiisaniiru. Yeroo ammaa tajaajilamtoota miiliyoona lama ta’aniif tajaajila kennaa jiraachuu dubbachuun sirna dijiitaala fayyaa diriirfamuun tajaajilichi si’ataa fi bu’aa qabeessa taasiseera jedhaniiru.
Riifoormichi magaalonni maddeen teekinooloojii ta’uusaanii qabatamaan kan itti mul’atedha
Nov 17, 2025 130
Sadaasa 08/2018(TOI)-Agarsiisni Fooramii Magaalota 10ffaan mootummaa ida’amuu keessatti gaggeeffame magaalonni madda beekumsa teeknooloojii ta’uu qabatamaan kan agarsiise ta’uu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura misoomaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru. Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti mata duree "Guddinni Magaalotaa Olaantummaa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffamaa jira. Hogganaan Giddugala sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti Qindeessaan qindeessa Ijaarsa sirna Dimokiraasii fi itti aanaa pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faraah agarsiisa Fooramii Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa eegalchiisuun isaanii ni yaadatama. Ministirri Magaalaa fi Bu'uura misoomaa Caaltuu Saanii agarsiisa qophaa'e daawwataniiru. Dawwannaa isaaniin walqabatee turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka himanitti, fooramichi guddina magaalotaaf shoora olaanaa qaba. Hawaasni magaalota adda addaa keessa jiraatus bakkatti muuxannoo wal jijjiiran ta’uu eeraniiru. Agarsiifni kuni bakkatti magaalonni walbaraniin dabalatatti, hojiileen kalaqaa bakkatti muuxannoon waljijjiiramu ta’uu eeraniiru. Mootummaa ida’amuu keessa magaalaaleen bakka beekumsi teeknooloojii itti maddu ta’uun qabatamaan kan itti mul’ate ta’uu beeksisaniiru.
Ispoortii
Piriimerliigii Dubartootaatiin kutaan magaalaa Lidataa magaalaa Hawaasaa waliin, Magaalaan Finfinnee magaalaa Arbaaminchi waliin ni taphatu
Nov 21, 2025 46
Sadaasa 12/2018(TOI)-Piriimer lLiigii dubartootaa torban 7ffaan taphoonni xumuraa lama har’a nigaggeeffamu. Har’a ganama sa’aatii 4 irraa eegalee kutaan magaalaa Lidataa magaalaa Hawaasaa waliin Istaadiyeemii baankii daldala Itiyoophiyaatti taphachaa jiru. Kutaan magaalaa Lidataa taphoota liigii ja'a irratti yeroo tokko qofa injifachuun, yeroo sadii mo'amee, yeroo lama qixa ba'eera. Taphoota sana irratti goolii shan galchuun galchii 10 keessummeesseera. Garichi qabxii shaniin sadarkaa 11ffaa qabateera. Morkataan isaa magaalaan Hawaasaa bara kana hanga ammaatti taphoota ja'a keessaa afur injifachuun, yeroo lama mo'amuun isaa ni yaadatama. Galchii 11 galchuun, galchiin 6 itti lakkaa’ameera. Magaalaan Hawaasaa qabxii galchii 12n sadarkaa arfaffaa irra jira. Taphichi gareen lamaanuu gara injifannootti ce’uuf kan isaan dandeessisudha. Tapha biraatiin ammoo magaalaan Finfinnee magaalaa Arbaaminchi waliin waaree booda sa'aatii 7:00 irratti Istaadiyeemii Baankii Daldala Itiyoophiyaatti ni taphata. Magaalaan Finfinnee taphoota liigii ja'a keessaa yeroo tokko injifachuun shan moo'amuun isaa ni yaadatama. Taphoota sanaan qabxii lama galchuun, galchiin 13 immoo itti lakkaahameera. Garichi qabxii sadiin sadarkaa dhumaa 14ffaa qabateera. Magaalaan Arbaa Minchi bara kana taphoota 6 taphateen yeroo tokko qofa injifateera. Yeroo afur mo'amuun al tokko qixa ba'aniiru. Magaalaan Arbaa Minchi qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa qabatee, sadarkaa gadi aanaa irratti argama. Gareen lachuu injifannoo isaanii lammaffaa liigichaan galmeessisuuf ni taphatu.
Taphoota piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban toorbaffaa
Nov 21, 2025 48
Sadaasa 12/2018 (TOI)-Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban toorbaffaa oolmaa guyyaa lammaffaatiin taphoonni afur nigaggeeffamu. Galgala sa]aatii 12tti Qiddus Goorgis Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunivarsiitii hawaasaatti nitaphatu Liigichaan yeroo 16 kan mo’ate Qiddus Goorgis taphoota barana amma ammaatti gaggeesse shan keessaa afur yoo mo’atu yeroo tokko mo’ateera. Gareen kun qabxii 12’n sadarkaa lammaffaa qabateera. Morkataansaa Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota liigichaa shan taphateen tokkoyyuu hin mo’anne. Yeroo lama mo’amee yeroo sadii wal qixa baheera. Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii sadiin sadarkaa 17ffaa irra jira. Bunni Itiyoophiyaa guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Madin Itiyoophiyaa waliin Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti ni taphatu. Bunni Itiyoophiyaa taphoota liigichaa taphate shan keessaa tokko qofaa mo’ate. Yeroo sadii mo’amee yeroo tokko wal qixa baheera. Gareen kun qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa qabateera. Madin Itiyoophiyaan taphoota afur taphateen yeroo tokko yoo mo’atu yeroo tokko mo’ameera. Yeroo lama wal qixa baheera. Galchii lama galche lama ammoo itti galeera. Madin taphni tokko osoo isa hafuu qabxii shaniin sadarkaa 11ffaarra jira. Sagantaawwan biroon guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Yunivarsiitiin Walwaaloo Addigiraat magaalaa Hawaasaa, Baankiin daldala Itiyoophiyaa Walaayittaa Diichaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Finfinneetti nitaphatu.
Dursaan Liigichaa Bunni Sidaamaa Maqalee sabaa Indartaa waliin ni taphata
Nov 20, 2025 104
Sadaasa11/2018(TOI)–Taphni piriimar liigii sababa waancaa Itiyoophiyaatiin addaan citee ture har’a sagantaa torban 6ffaan ni deebi’a. Yeroo ammaa Bunni Sidaamaa Maqalee sabaa Indertaa waliin Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti tapachaa jiru. Bunni Sidaamaa Liigichatti taphoota shan gaggeesseen yeroo Afur yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Taphichaan galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera. Garichi qabxii 12 liigicha dursee argameera. Morkataansaa maqaleesabandertaa liigichatti hanga ammaatti taphoota tokkoyyuu mo’achuu hin dandeenye. Yeroo sadii yoo injifatu yeroo lama wal-qixa addaan baheera. Galchii ja’aa yoo lakkoofsisu galchii 10n keessummeesseera. Maqalee sabandertaan qabxii lamaan sadarkaa 18ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aarratti argama. Sagantaa biroon Negellee Arsiin Magaalaa Adaamaa waliin guyyaa sa’aatii 10:00 Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti taphatu. Liigichatti Guddattuu haaraan nagallee Arsii taphoota shan gaggeesseen yeroo lama yoo Injifatamu yeroo sadii qabxii qooddateera. Garichi taphichaan galchii lama yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. Negellee Arsii taphoota shan keessaa qabxii sadii argachuun sadarkaa 15ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalan Adaamaa gamasaan bara dorgommichaatti taphoota shan gaggeesse keessaa 2 yoo injifatu yeroo 3 qixaan adda deebi’eera. Galchii lama yoo lakkoofsisu galchii tokkoyyuu hin keessummeessine. Garichi qabxii 9 sadarkaa 7ffaarra taa’eera. Sagantaa piriimer liigii Itiyoophiyaa torban 6ffaan hanga sadaasa 13 bara 2018 ni tura.
Dursaan liigichaa Itiyoo Elektirikiin Magaalaa Shaggar waliin ni taphata
Nov 20, 2025 75
Sadaas 11/2018(TOI)- Piriimiyerliigii Dubartoota Itiyoophiyaa torbee torbaffaa guyyaa lammaffaa taphoonni sadii Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti ni taphatamu. Guyyaa har’aa sa’aatii 9:00tti Magaalaan Shaggar Itiyoo-Etektirika waliin istaadiyeemiiAbbabaa Biqilaatti taphata. Magaalaan Shaggar taphoota shan taphatee,yeroo afur injifachuun, yeroo tokko immoo injifatameera. Taphoota taphate keessattis galchii sagal yoo lakkoofsisu,afur immoo keessumeesseera. Magaalaan Shaggar qabxii 12n, sadarkaa shanaffaa qabateera. Morkataan isaa Itiyoo-Elektirikiin gama isaatiin,taphoota liigii adeemsiseen taphoota jaha mo’ateera. Galchii 16 galchuu danda’uun,galchii 3 immoo itti lakkaahameera. Bunni Yirgaa Caffee magaalaa Baahirdaar waliin har’a guyyaa keessaa sa’aatii 7:00tti ni taphata. Magaalaan Baahir Daariifi Bunni Yirgaacaffee qabxii afuriin walqixa ta’uun, garaagarummaa gooliitiin sadarkaa 11 ffaa fi 12ffaa irra jiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 113
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 147
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 132
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru. Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fiduuf kutannoo qabdi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 14, 2025 141
Sadaasa 5/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan waltajjii Koop 32 irratti jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fi qabatamaa fiduuf kutannoo akka qabdu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan Koop 32 akka keessummeessitu hawaasni Addunyaa itti gaafatama guddaa waan nuuf kenneef kabajni nutti dhagahama jedhaniiru. Afriikaan bara 2025 konfaransii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (Koop 30) Biraazil irratti sagalee tokkoon dubbatteetti, Addunyaanis ishee dhaggeeffateera jedhaniiru. Bakka bu’oota biyyoota Afriikaa gaaffii Itiyoophiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 2027 Finfinneetti Koop 32 keessummeesuuf gaafatte guutummaatti deeggaran galateeffataniiru. Rakkoowwan Jireenya namaa keessatti baay’ee barbaachisan keessaa tokko furuun akka danda’amu tattaaffii waloo gaggeessuuf carraa waan arganneef ni galateeffanna jedhaniiru. Hawaasni addunyaa itti gaafatama guddaa kana waan nuu kenneef kabajni nutti dhagahama jedhan Ministirri muummee. Beekamtii kana kutannoo cimaa Itiyoophiyaan haala qilleensaarratti qabdu, hooggansaa fi qophiilee idil addunyaa ijoo keessummeessuuf dandeettii dilbii qabdu agarsiisa jechuun cimsanii ibsaniiru. Kanaaf waltajjiin koop 32 Itiyoophiyaan keessummeessitu jijjiira haala qilleensaarratti tarkaanfii waloo kan jajjabeessu bu’aa cimaa fi qabatamaa fiduuf guutummaatti kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9004
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 7084
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.