ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Gambeellatti Ayyaana Faasikaaf meeshaaleen nyaataa fi beeyladoonni Gabaaf dhiyaataniiru
Apr 9, 2026 625
Eebila 1/2018(ENA): Naannoo Gambeeellatti Ayyaana Faasikaatiif meeshaaleen nyaataa fi beeyladoonni Gabaaf dhiyaachuusaanii Biiroon Daldalaa fi Industirii Naannichaa ibse. Biirichi Ayyaana Faasikaa Sababeeffachuun daldaltoota gatii hin malle dabalan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuus beeksiseera. Hogganaan biirichaa obbo Koongi Uulaangi ENAtti akka himanitti, Ayyaana Faasikaatiif meeshaaleen nyaataa barbaachisoo ta’anii fi beeyladoonni ga’aan Gabaaf akka dhihaatan qophiin barbaachisaan taasifamaa tureera jedhaniiru. Kanaafis omishaaleen ayyaanaaf barbaachisan ga’aan dhihaachuusaanii ibsaniiru.
Gaaffiin dhimma hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuu kan qabuu fi seera qabeessa dha – Miseensa mana Maree Awurooppaa Tiyaarii Maariyaanii
Apr 9, 2026 377
Eebila 1/2018 (ENA): Gaaffiin dhimma hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuu kan qabuu fi seera qabeessa dha jedhani Miseensa Mana Maree Awurooppaa kan ta’an Tiyaarii Maariyaanii. Marii Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden waggaa 4ffaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa irratti kan argaman Tiyaarii Maariyaanii Turtii ENA Waliin taasisaniin, Dhimmi gaaffii hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma deebii argachuu qabuu fi seera qabeessa dha jedhani. Daandiiwwan galaanaa dhiphoo ta’an kanneen akka Bab el-Mandab cufamuun isaanii dhiyeessii boba’aa fi xaa’oo Awurooppaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan naannoo tarsiimawaa kana keessatti kan argamtu biyya furtuu ta’uu hubachiisaniiru. Konveenshiniin Seera Galaanaa biyyi hundi daangaa galaanaa qabaachuu akka qabdu ifatti kaa’uu isaas hubachiisaniiru. Tiyaarii Mariyaanii akka ibsanitti, Awurooppaan nagaa waaraa naannichaaf fedhii cimaa akka qabdu eeruun, Itiyoophiyaan buufata galaanaa qabaachuun akka qabdu sababa hedduutu jiru jedhani. Kunis Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane tasgabbii naannichaa fi nageenya daandiiwwan daldala idil-addunyaatiif bu’aa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Biyyoota Afrikaa keessatti biyya uummata hedduu qaban keessaa tokko kan taatee fi teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Itiyoophiyaan, buufata galaanaa malee taa’uun sirrii miti jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwateera
Apr 9, 2026 1033
Eebila 1/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwachuusaa Bulchaan Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii ibsan. Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti Kaadhimamtootasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Naannootiif dorgoman beeksisuu fi duula na filadhaa Magaalaa Hararitti gaggeesseera. Sagantaa kana irratti Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii dabalatee,hoggantoonni olaanoon paartichaa,miseensonni, deeggartoonnii fi Hawaasni Naannichaa argamaniiru. Bulchaan Naannichaa wayita sana ergaa dabarsaniin, kallattiin misoomaa fi guddina Itiyoophiyaa bu’uura sirrii kan qabatee fi bu’aawwan gama maraa kan galmaa’an cimanii hojjechuu fi kutannoo Paartii Badhaadhinaatiin ta’uu kaasaniiru. Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatanii fi fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan raawwatamuu ibsaniiru. Waggoottan jijjiiramaa keessatti gaggeessummaa paartichaan baadiyyaa fi magaalota keessatti hojiiwwan misoomaa gama maraa hojjetamuusaa ibsaniiru. Hojiiwwan deebisanii misoomsuu Jagoolii fi hojiiwwan misooma kooriidarii magaalaa Harar dabalatee, hojiiwwan qabatamaan faayidaa Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee raawwatamuu isaanii kaasaniiru. Kanaafuu, Misoomaaf, Ijaarsa Dimookraasiif, fayyadamummaa guutuu lammiilee fi guddina biyyaatiif Badhaadhina filachuun murtoo sirrii ta’uu ibsaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa gama isaaniin, Paartiin Badhaadhinaa bu’uura Misooma, Nageenyaa fi Dimookiraasii biyyaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan, tarkaanfiiwwan gaarii eegalaman kana itti fufsiisuuf Paartichi dandeettii guutuu kan horate ta’uu himaniiru.
Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiise
Apr 9, 2026 375
Eebila 1/2018 (ENA): Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii dijitaalaa saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiisuu ibse. Sirni kaffaltii dijitaalaa kun buufata kaffaltii guddicha Tuulluu Diimtuutti hoji gaggeessituu Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruu fi hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii daandiiwwan Itiyoophiyaa Musxafaa Abbaasimal eegalchiisaniiru. Hojii gaggeessituun Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruun akka jedhanitti; dhaabbatichi tajaajiloota adda addaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuu dandeessisan hojiirra oolchaa jira. Itiyoo-Telekoom tajaajila telekoomii idilee irra darbee tajaajila gahumsa qabu, mijataa fi baasii xiqqaa ta’e kennuudhaan damee faayinaansii deeggaraa akka jirus ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Musxafaa Abbaasimal gama isaaniitiin, kanaan dura sirni kaffaltii waraqaa irratti hundaa’e hojiirra oolaa akka ture ibsaniiru. Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggaruun barbaachisaa ta’uu eeruun, imalli tajaajila kana dijiitaala gochuu har'a eegaluu beeksisaniiru. Softiweeriin sirna kaffaltii “Toloo” jedhamu akka hojjetame eeruun, kunis sirna kaffaltii ammayyaa ta'uu isaa Itiyoo-Telekoom waliin ta'uun “Tele Birr” waliin walqabsiisuun akka ta'u beeksisaniiru. Dhaabbileen lamaan gara fuulduraatti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Siyaasa

Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota kanwalitti qabee fi Ijaarsa Seenessa Waloo itti fufsiisuuf boqonnaa kan saaqedha
Apr 9, 2026 473
Eebila 1/2018(ENA): Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota hunda kan walitti qabee fi ijaarsa seenessaa waloo ijaaruuf boqonnaa haaraa kan saaqe ta’uu Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseen dubbataniru. Hiriirri Deeggarsa Uummataa guddaan Milkaa’inaa fi injifannoo kanaan dura argaman itti fufsiisuuf kaayyeffate Magaalaa Samaraatti gaggeeffameera. Hiriira deeggarsaa Istaadiyeemii Samaraatti qophaa’e kanarratti, hoggantoonni Olaanoo Naannoo Affaar, jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Loogiyaa, hojjettoonni mootummaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa hirmaataniiru. Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseen Hiriiricha irratti argamuun ergaa dabarsaniin, Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota hunda hammachuun ijaarsa seenessa walootiif boqonnaa haaraa kan banedha jedhaniiru. Waggoota jijjiiramaa kanaan jechi "deeggartoota" jedhu hafee mirgi wal-qixxummaa itti mirkanaa’ee fi tokkummaan dhugaa itti mul’atedha jedhaniiru. Kanaanis uummanni Affaar dhimma biyyasaa irratti murteessuu fi geggeessuuf carraa kan itti argatedha jedhaniiru. Dabalataanis, Saboonni, Sab-lammoonnii fi ummattoonni tokkummaa isaanii cimsuun guddina waliiniitiif kan walitti dhufan ta’uu ibsanii, waggoota kanneen keessatti bu’aaleen misoomaa mirkanaa’an galmaa’uu isaanii dubbataniiru. Naannichatti injifannoowwan gama Hawaasummaa, Dinagdee fi siyaasaa argamaniin fayyadamummaan sadarkaa hundaatti guddachuu isaa eeranii, kunis bu’aa mootummaa "Ida'amuu" ta'uu dubbataniiru. Akkasumas filannoon waliigalaa 7ffaan dimookiraatawaa fi milkaa’aa akka ta’uuf uummanni hirmaannaasaa akka cimsus gaafataniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Loogiyaa obbo Abduu Musaa gama isaaniin, mootummaan jijjiiramaa karoorawwanii fi hojmaataa haaraa diriirsuun misoomaaf dursa kan kennedha jedhaniru.
Pirezidaantiin Burundii Eevaristee Nidayishimiyeen Daawwannaa Hojiitiif Finfinnee galan
Apr 9, 2026 757
Eebila 1/2018(ENA): Pirezidaantiin Burundii fi Walitti-qabaan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Eevaristee Nidayishimiyee daawwannaa hojiitiif Finfinnee galaniiru. Pirezidaantichi yeroo Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Boolee gaahan Itti-Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa simataniiru. Itiyoophiyaa fi Burundiin hariiroo dippilomaasii yeroo dheeraa lakkoofsise qabu. Biyyoonni lameen Komishinii Ministirootaa Waloo hundeessuun dameelee garagaraan tumsa isaanii cimsaa jiru. Pirezidaantii Burundii fi Walitti-qabaan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Eevaristee Nidayishimiyee turtii Itiyoophiyaa keessatti taasisaniin, hariiroo biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisan dhimmoota adda addaa irratti marii ni taasisu jedhamee eegama.
Hiriirri deeggarsa Uummataa guddaan bu’aawwanii fi injifannoowwan biyyaalessaa yaadatamu Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira
Apr 9, 2026 568
Eebila 1/2018(ENA):Hiriirri deeggarsa uummataa guddaan bu’aawwanii fi injifannoowwan waggoota 8’n jijjiirama biyyaalessaa itti yaadatamu Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira. Hiriira deeggarsaa ganamaa eegalee magaalaa keessatti gaggeeffamaa jiru kanarratti jiraattonni magaalaa fi baadiyyaa Bulchiinsichaa, hojjettoonni, barattoonni, dargaggoonnii fi dubartoonni bal’inaan hirmaachaa jiru. Hiriirri deeggarsaa kun jijjiirama Bitootessa 24 bara 2010 dhufeen booda, waggoota 8’n darban keessatti milkaa’ina gama hundaan biyyaalessatti galmaa’an yaadachuu fi beekamtii kennuuf kan qophaa’e ta’uun ibsameera. Hirmaattonni hiriirichaas dhaadannoowwan qabataniin kaayyoo kana mirkaneessaniiru. Hiriiricha irratti ergawwan adda adaa jijiiramichaan bu’a argame deeggaru hiriitonni dabarsaniru.
Naannoo Affaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti Hiriirri deeggarsa uummataa Jijiirama biyyaalessaan Injifannoowwan misoomaa galmaa’aniif beekamtii kennu gaggeeffamaa jira
Apr 9, 2026 566
Ebla 1/2018(ENA)- Naannoo Affaar Magaalaa Samara Loogiyaatti Hiriirri deeggarsa uummataa jijjiirama biyyaalessaan injifannoowwan misoomaa galmaa’aniif beekamtii kennu gaggeeffamaa jira. Hiriirri deeggarsaa kun, Firiiwwan Jijjiirama biyyaalessaa Bitootessa 24, bara 2010 itti dhugoome yaadachuun, injifannoowwan misoomaa waggoota saddeettan darban keessatti galmaa’aniif beekamtii kan kennu ta’uun ibsameera. Hiriira deeggarsaa kana irrattiergaawwan, 'Olka’insi Itiyoophiyaa harka keenya jira', 'Bitootessi Safartuu cichoomaa ti,Tarkaanfii hundee qabuun gara biyya fakkeenya ta’uutti' fi dhaamsawwan biroon hiriirtootaan darbaa jiru. Hiriira deeggarsaa kana irratti Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Afaar fi Hoogganaa Biiroo Bulchiinsa Lafaa Obbo Umar Nuuruu, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Logiyaa Obbo Abduu Musaa dabalatee hoggantoonni hojii Naannoo Afaar Olaanoo fi jiraattonni magaalaa Samaraa-Logiyaa argamaniiru.
Filannoon lammiileen biyya isaanii keessatti ijaarsa aadaa dimokiraatawaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan kan taasisu kabaja ibsituu lammummaati – Gootota Abbootii fi haadholii
Apr 8, 2026 1736
Bitootessa 30/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa Itiyoophiyaa mul’ata kabaja lammummaa lammiileen ijaarsa aadaa dimokiraatawaa biyya isaanii keessatti dammaqinaan akka itti hirmaatan kan taasisu ta’uu Abbootii fi Haadholiin goototaa ibsaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara kanaa Guraandhala 28, 2018 hanga Bitootessa 28/2018tti galmee filattotaa gaggeessaa tureera. Kana malees, boordichi guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin hanga Eebila 14, 2018tti galmee filattotaa dheeresseera. Filannoo waliigalaa torbaffaa gaggeeffameen paartileen siyaasaa dorgoman 47 kaadhimamaa 10,934 galmeessuun filannoo imaammataa isaanii karaa miidiyaa ummataaf dhiheessaa jiru. Miseensonni Waldaa Goototaa Itiyoophiyaa duraanii ENAtti himan, Filannoon waltajjii waloo lammiileen aadaa dimokraatawaa Itiyoophiyaa ijaaruun jaalalaa fi kabaja biyya isaaniif qaban itti ibsatanidha jedhani. Baa shaa Shimallis Walda-Takilee, filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa irratti kaardii sagalee isaanii itti kennan fudhachuu himaniiru. Koloneel Ayyaaloo Balaay gama isaaniin, Filannoon mul’ata lammummaa fi dhimma mirga filachuu fi filatamuu heera mootummaatiin mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa biyyoolessaa meeshaalee aadaa dimokraatawaa biyyattii ijaaruuf gargaaran keessaa tokko ta’uu kan ibsan Koloneel Ayyaaloo, aadaa dimokraatawaa biyyattii cimsuu keessatti hirmaannaan filannoo iddoo guddaa akka qabu hubachiisaniiru. Goota duraanii keessaa tokko kan ta’an Almaaz Anbarbar gama isaaniitiin, filannoon misoomaa fi guddina biyyattii itti fufsiisuuf waltajjii waloo lammiileen ifatti akka hirmaatan ta’uu ibsaniiru. Lammiin umuriin isaanii filachuuf gahe kamiyyuu kaardii sagalee kennuudhaan kabaja biyya isaaf qabu agarsiisuu akka qabu dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Dr. Abiyyi Ahimad muudama Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressan
Apr 8, 2026 1188
Bitootessa 30/2018 (ENA) : Dr. Abiyyi Ahimad Eebila 1, 2018 irraa eegaluun muudama Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressaniiru. Waajjirri Ministira Muummee gama miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen, bu’uura heera mootummaa RDFI keeyyata 62(9) fi labsii lakkoofsa 359/1995 keeyyata 14 keeyyata xiqqaa 2(B)’n Bulchiinsa Yeroo Tigiraay Pirezidaantummaan akka gaggeessaniif danbii lakkoofsa 479/2013 keeyyata 4(2) Mana Maree Ministirootaan ragga’eefi gabaasa raawwii waggaa dhiyeessaniin Ministirri Muummee RDFI Dr. Abiyyi Ahimad Eebila 1, 2018 irraa eegalee muudama Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressaniiru. #PMOEthiopia
Erga jijjiiramni kun dhufee as dhaabbileen poolisii nageenya biyyaa fi nagaa ummataa eeguu keessatti gahee boonsaa ba’aniiru - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 7, 2026 2516
Bitootessa 29/2018 (ENA): Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa erga jijjiiramni dhufee as dhaabbileen poolisii tokkummaa isaanii cimsuu fi nageenya biyyaa fi nageenya ummataa eeguu keessatti gahee boonsaa ba’aniiru jedhan. Yaa’iin Komishinarota Poolisii Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “Tokkummaa Poolisummaa Nageenya Itti Fufiinsa Qabuuf” jedhuun magaalaa Finfinneetti eegalameera. Waltajjicha irratti argamuun haasaa kan taasisan obbo Tamsgeen Xurunaa akka jedhanitti, galmi guddaan riifoormii damee poolisii bara 2010 irraa eegalee gaggeeffamaa ture dhaabbata cimaa ijaaruu fi ogeessota gahumsa qaban teeknooloojiin deeggaraman oomishuudha. Mootummaan Ida’amuu Poolisiin Itiyoophiyaa tajaajila kennu keessatti amanamaa ta’uu qaba jedhee akka amanu hubachiisaniiru. Poolisiin yakkamtoota ergama diinaa fudhatan adamsee seeratti dhiyeessuun sochii siyaasaa fi diinagdee biyyattii gufuu tokko malee itti fufsiisuu danda’uu isaa eeruun milkaa’ina hundee haaromsa kanaa ta’uu eeraniiru. Kanaafis gaheen hoggansa poolisii fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa bakka hin bu’u jedhaniiru. Poolisiin ergama biyyaalessaa hedduu raawwachuu akka qabuu fi filannoo waliigalaa 7ffaa baatii Caamsaa dhufuuf xiyyeeffannoo addaa kennuu akka qabu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Hawaasummaa
Konfiraansiin Nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshaangul Gumuuzitti gaggeeffama
Apr 8, 2026 681
Bitootessa 30/2018(ENA) : Konfiraansiin nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshangul Gumuuzitti akka adeemsifamu Barreessaan Olaanaan Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaa ibsan. Barreessaan Olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa lubni Taagaay Taaddalaa, konfiraansii nageenyaa biyyaalessaa 7ffaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsasaaniin konfiraansichi Eebila 7 hanga 8 bara 2018tti akka adeemsifamu eeraniiru. Konfiransii kanaaratti nageenya waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuu fi dhimmoota biroo irratti mariin paanaalii fi Mariin uummataa qooda fudhattoonni adda addaa irratti hirmaatan akka gaggeeffamu ibsaniiru. Marii kanaan alatti, hojiiwwan misoomaa naannichatti hojjetaman daawwachuu, sagantaa dhaabbii biqiltuu fi taateewwan biroo adda addaa akka raawwataman ibsaniiru. Konfiraansii guyyoota lamaaf turu kanarratti, Abbootii Amantaa kutaalee biyyaa adda addaa irra dhufan, Hoggantoota Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo, Kutaalee Hawaasaa garaagaraa fi keessummoonni waamichi taasifameef akka hirmaatan eeraniru. Manni Marichaa kanaan dura naannoolee adda addaa keessatti konfiransiiwwan nageenyaa 6 gaggeessuun nageenya waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa taphateera jedhaniiru. Akkasumas, Abbootiin Amantaa fi jaarsoliin biyyaa waamicha nagaa dabarsuu fi barsiisuun, dhaloota nagaaf dhaabbatu uumuu keessatti shoora olaanaa taphachuusaanii dubbataniiru. Dhumarrattis, Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf baga nagaan torban dhiphuu fi Fannoo Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.
Itiyoophiyaan himata Invastimentii Idil-Addunyaa gurguddaa lama Injifannoon xumurteetti – Ministeera Haqaa
Apr 8, 2026 597
Bitootessa 30/2018(ENA) : Itiyoophiyaan garaagarummaa baatiiwwan muraasa keessatti himata invastimentii Idil-Addunyaa gurguddoo lama irratti dhihaate injifannoon xumuruu ishee Ministeerri Haqaa ibse. Deetaan Ministeera Haqaa obbo Balaayihuun Yirgaa, Itiyoophiyaan waltajjii Idil-Addunyaa mana murtii irratti argatte ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennaniiru. kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis, injifannoowwan walitti aananii biyyattiin argatte kaffaltii Beenyaa Doolaara Miiliyoonaan lakkaawamu oolchuu bira darbee, faayidaa birmadummaa biyyaa kan kabachiisan ta’uu dubbataniiru. Ministeerri Haqaa bu’uura labsii lakkoofsa 943/2008tiin aangoo kennameefiin, faayidaa siivilii(hariiroo) uummataa fi mootummaa eegsisuu, gorsaa olaanaa Mootummaa Federaalaa ta’uu fi waltajjii Idil-Addunyaa irratti yommuu biyyattiin himatamtu ittisuuf ittigaafatamummaa akka qabu ibsaniiru. Himata gurguddoo injifannoon xumuraman keessaa inni jalqabaa, Kaampaanii ijaarsaa (konistiraakshinii) Turkii ‘Akgun Insaat Makina Sanayii ve Dis Ticaret Ltd. Sti.’ jedhamuun kan dhihaate yoo ta’u, walumaagalatti himannaa doolaara Miiliyoona 500 ol ta’uu dubbataniiru. Himanni lammataa, Kubbaaniyaa biyya Neezerlaanditti galmaa'e “African Asset Finance Company Holding B.V.) yeroo baay'ee “Ethio Lease” jedhamuun kan beekamu dhiheesse dha. Kuubbaaniyichi dirqama biyyaalessaa akka kabaju akeekkachiisni kennameef mirgi invastimentiikoo sarbeera jechuun kaffaltii Beenyaa Doolaara Miiliyoona 334 hanga miiliyoona 400 ol ta'u gaafatee akka ture yaadachiisaniiru. Falmii Afaanii Biyya Neezerlaand, Magaalaa Heeg keessatti gaggeeffameen, ogeessota seeraa Itiyoophiyaan falmii cimaa dhiheessaniin, himannaan kun sagalee guutuu abbootii seeraa walabaa sadiiniin guutummaatti kufaa ta’eera. Itiyoophiyaan falmii kanaaf baasii baastee fi kisaaraa ishee irra gahe hunda kuubbaaniyichi akka kaffalu murtaa'eera. Himannaa kana kuffisuun kaffaltii doolaara miiliyoona dhibbootaan lakkaawamu hambisuun, qabeenya uummataa harka mootummaa keessatti hambiseera. Injifannichi, dureeyyiin tokko tokko himannaa akka meeshaa sodaachisaatti (threatening tool) fayyadamuun seeraa jalaa miliquu barbaadaniif, Itiyoophiyaan seera kabachiisuu irratti ejjennoo cimaa qabaachuu ishee kan barsiisuu ta’uu eeraniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan waliigalteewwan Idil-Addunyaa mallatteessite hunda kan kabajju ta’uu ishee mirkaneessuusaa eeraniiru.
Ayyaanota yeroo kabajnu warra rakkatan yaadachuu fi qooduufiin ta’uu qaba- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 8, 2026 121
Bitootessa 30/2018 (ENA): Yeroo ayyaana kabajnu namoota rakkatan yaadachuu fi waan qabnu waliif qooduu qabna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen ayyaana Faasikaa dhufu sababeeffachuun kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qabanii fi rakkoof saaxilamoo ta’an waliin maaddii qooddataniiru. Sagantaa maaddii qooddachuu kana irratti ergaa dabarsaniin kantiibaan magaalattii yeroo ayyaana kabajnu namoota rakkatan yaadachuu fi waan qabnu waliif qooduu akka qabnu dubbataniiru. Bulchiinsi magaalichaa waggaa waggaan hojii kana kan raawwatu lammiileen ayyaana kana gammachuudhaan akka dabarsan ta’uu ibsaniiru. Namoota rakkoof saaxilamoo fi maanguddoota deeggaruun ayyaana waliin kabajuun Itiyoophiyaanotaaf gatii gaarii akka ta’e hubachiisuun, Bulchiinsi magaalichaa hojii gaarii kana akka itti fufu mirkaneessaniiru. Kantiibaan kun abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee deeggarsa kanaaf gumaacha taasisan galateeffataniiru. Komishinarri Komiishinii Hirmaannaa Hawaasaa fi Tola Ooltummaa Magaalaa Finfinnee, Komishinar Yimar Kabbadaa gama isaaniin,bulchiinsi magaalichaa hojiilee nama irratti xiyyeeffate wal deeggarsa irratti kan xiyyeeffate babal’isaa jira jedhani. Sagantaa har’aatiin magaalittii kutaa magaalaa hundatti lammiilee galii gadi aanaa qabanif Kuma 200 fi Kuma 33'f maaddiin akka qoodamu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Diinagdee
Gambeellatti Ayyaana Faasikaaf meeshaaleen nyaataa fi beeyladoonni Gabaaf dhiyaataniiru
Apr 9, 2026 625
Eebila 1/2018(ENA): Naannoo Gambeeellatti Ayyaana Faasikaatiif meeshaaleen nyaataa fi beeyladoonni Gabaaf dhiyaachuusaanii Biiroon Daldalaa fi Industirii Naannichaa ibse. Biirichi Ayyaana Faasikaa Sababeeffachuun daldaltoota gatii hin malle dabalan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuus beeksiseera. Hogganaan biirichaa obbo Koongi Uulaangi ENAtti akka himanitti, Ayyaana Faasikaatiif meeshaaleen nyaataa barbaachisoo ta’anii fi beeyladoonni ga’aan Gabaaf akka dhihaatan qophiin barbaachisaan taasifamaa tureera jedhaniiru. Kanaafis omishaaleen ayyaanaaf barbaachisan ga’aan dhihaachuusaanii ibsaniiru.
Gaaffiin dhimma hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuu kan qabuu fi seera qabeessa dha – Miseensa mana Maree Awurooppaa Tiyaarii Maariyaanii
Apr 9, 2026 377
Eebila 1/2018 (ENA): Gaaffiin dhimma hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuu kan qabuu fi seera qabeessa dha jedhani Miseensa Mana Maree Awurooppaa kan ta’an Tiyaarii Maariyaanii. Marii Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden waggaa 4ffaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa irratti kan argaman Tiyaarii Maariyaanii Turtii ENA Waliin taasisaniin, Dhimmi gaaffii hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma deebii argachuu qabuu fi seera qabeessa dha jedhani. Daandiiwwan galaanaa dhiphoo ta’an kanneen akka Bab el-Mandab cufamuun isaanii dhiyeessii boba’aa fi xaa’oo Awurooppaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan naannoo tarsiimawaa kana keessatti kan argamtu biyya furtuu ta’uu hubachiisaniiru. Konveenshiniin Seera Galaanaa biyyi hundi daangaa galaanaa qabaachuu akka qabdu ifatti kaa’uu isaas hubachiisaniiru. Tiyaarii Mariyaanii akka ibsanitti, Awurooppaan nagaa waaraa naannichaaf fedhii cimaa akka qabdu eeruun, Itiyoophiyaan buufata galaanaa qabaachuun akka qabdu sababa hedduutu jiru jedhani. Kunis Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane tasgabbii naannichaa fi nageenya daandiiwwan daldala idil-addunyaatiif bu’aa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Biyyoota Afrikaa keessatti biyya uummata hedduu qaban keessaa tokko kan taatee fi teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Itiyoophiyaan, buufata galaanaa malee taa’uun sirrii miti jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ayyaana Faasikaatiif hanqinni oomisha qonnaa akka hin mudanneef hojiileen adda addaa hojjetamaa turaniiru
Apr 8, 2026 1136
Bitootessa 30/2018 (ENA): Hanqinni oomishaalee qonnaa ayyaana Faasikaatiif barbaachisan akka hin uumamneef magaalaa Hararitti hojiin hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Misooma Daldala Naannichaa beeksise. Shamattoonnii fi daldaltoonni akka jedhanitti dhiyeessiin oomisha qonnaa ayyaana kanaaf barbaachisu gahaa ta’e dhiyaatera. Hogganaan Ejensii Misooma Daldalaa Naannoo Hararii obbo Shariif Muummee ENAtti akka himanitti, hanqinni oomishaalee ayyaana kanaaf barbaachisan akka hin uumamneef hawaasa daldalaa hunda waliin mariin gaggeeffameera jedhani. Dhiyeessii oomishaa haala mijeessuun Oomishaalee godinaalee baadiyyaa naannichaa keessatti oomishaman gara magaalatti fiduudhaan dhiyeessitoota adda addaa waliin walitti dhufeenya uumuun oomisha gara magaalatti fidameera jedhan. Oomishaalee iizii Bahaatiin oomishaman waldaalee shamattootaaf dhiyeessuun hawaasni gatii madaalawaadhaan akka argatu taasisaa akka jiranis himaniiru. Gabaa Sanbataa fi Dilbataa magaalattii cimsuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Daldaltoota seeraan ala gatii dabalan hordofuu fi to’achuuf hojjetamaa jiraachuu fi yeroo ammaa kana omishaaleen ayyaana kanaaf barbaachisan gatii madaalawaadhaan gurguramaa akka jiran hubachiisaniiru. Gabaa aadaa Dilbataa fi Sanbataa magaalattii “Mobil” jedhamutti gurgurtaa kuduraalee irratti kan bobba’an Aadde Baqqalech Nigusee, kuduraalee naannoo sanaa fi iddoowwan biroo irraa fayyadamtootaaf dhiyeessaa akka jiran eeraniiru. Daldala oomisha qonnaa irratti kan bobba’an obbo Isaayyaas Alamaayyoo gama isaaniin, gabaa ayyaanaa irratti dhiyeessiin oomishaa fooyya’aa ta’uu ibsuun, gatii Waajjirri Daldala Naannichaa kaa’e irratti hundaa’uun gatii madaalawaadhaan fayyadamtootaaf gurguraa akka jiran himaniiru. Bakka sanatti kuduraalee bitachaa kan turan aadde Haymaanot Yashiixilaan, ayyaana Faasikaa kanaaf kuduraalee, hanqaaquu fi oomishaalee biroo dhiyeessiin akka jiru himaniiru. Daldaltoota gatii hin malle dabalanirratti tarkaanfiin cimee akka itti fufu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Gaaffiin seena qabeessi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seera qabeessaa fi ajandaa dhalootaati
Apr 8, 2026 583
Bitootessa 30/2018(ENA) : Gaaffiin seena qabeessi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii seeraa fi dippilomaasii kan barbaadu dhimma dhalootaa ta'uu hayyoonni damee bishaanii beeksisan. Hayyoonni damee bishaanii Yuunivarsiitii Finfinnee ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, gaaffiin abbummaa seena qabeessi Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma qananii osoo hin taane dhimma dhalootaa fi dhimma jiraachuuti jedhani. Barsiisaan Kutaa Barnoota Siivilii fi Injiinariingii Naannoo Yuunivarsiitichaa Doktar Ballaxaa Birhaanuu, Qaroominni Itiyoophiyaa bu'aa ida’ama bishaanota Abbayyaa fi Galaana Diimaati jedhaniiru. Qaamonni Bishaanota lamaan kanaa (Abbayyaa fi Galaanni Diimaan) utubaa ijaarsa biyyaa fi guddina Dinagdee naannawaa ,Ardii fi Addunyaa ta'uusaanii ibsaniiru. Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaas dhimma dhalootaa, seeraa, seenaa, dinagdee fi haala teessuma lafaatiin ilaalamaa jiru ta'uu eeraniiru. Kanaan walqabatee, gaaffichi Seenaa, Qaroomina, Hawaasummaa fi dinagdee waliin hidhata cimaa kan qabu dhimma jiraachuu fi dhalootaa ta'uusaas ibsaniiru. Qorataan Haayidiroo-politiksii fi dhimma Bishaanii Idil-Addunyaa Yuunivarsiitichaa kan ta’an Doktar Yaa’iqoob Arsanoo, Abbummaan Ulaa Galaanaa Seenaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa kan qabu dhimma ijoodha jedhaniiru. Diinonni Itiyoophiyaa jeequmsa shiftootaa fayyadamuun Eertiraa kutanii gargar baasuun, biyyattiin ulaa galaanaa isa madda qaroomina ishee ta'e irraa akka fagaattu taasifamuushee yaadachiisaniiru. Hayyoonni kun dabalataan, dhimmi qaama bishaanota lamaan Itiyoophiyaa dhimma kabaja uummataa fi birmadummaa biyyaa mirkaneessuudha jedhaniiru. Dhaloonni Abbayya irratti Hidha Haaromsaa dhugoomse kun, ijaarsa seeraa fi dippilomaasii hordofuun gaaffii abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaatiif deebii argamsiisuu akka qabu hubachiisaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiise
Apr 9, 2026 375
Eebila 1/2018 (ENA): Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii dijitaalaa saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiisuu ibse. Sirni kaffaltii dijitaalaa kun buufata kaffaltii guddicha Tuulluu Diimtuutti hoji gaggeessituu Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruu fi hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii daandiiwwan Itiyoophiyaa Musxafaa Abbaasimal eegalchiisaniiru. Hojii gaggeessituun Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruun akka jedhanitti; dhaabbatichi tajaajiloota adda addaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuu dandeessisan hojiirra oolchaa jira. Itiyoo-Telekoom tajaajila telekoomii idilee irra darbee tajaajila gahumsa qabu, mijataa fi baasii xiqqaa ta’e kennuudhaan damee faayinaansii deeggaraa akka jirus ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Musxafaa Abbaasimal gama isaaniitiin, kanaan dura sirni kaffaltii waraqaa irratti hundaa’e hojiirra oolaa akka ture ibsaniiru. Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggaruun barbaachisaa ta’uu eeruun, imalli tajaajila kana dijiitaala gochuu har'a eegaluu beeksisaniiru. Softiweeriin sirna kaffaltii “Toloo” jedhamu akka hojjetame eeruun, kunis sirna kaffaltii ammayyaa ta'uu isaa Itiyoo-Telekoom waliin ta'uun “Tele Birr” waliin walqabsiisuun akka ta'u beeksisaniiru. Dhaabbileen lamaan gara fuulduraatti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan gaaffii Bulchiinsa Gaarii uummataa deebisan cimanii ittifufaniiru
Apr 4, 2026 306
Bitootessa26/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan gaaffii bulchiinsa gaarii uummataa deebisan cimanii itti fufuusaanii waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannichatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasa Namarraa Bulii ibsan. Godina Jimmaa, Aanaa OmooNaadaa Magaalaa Asandaabootti, giddugalli tajaajila wiirtuu Masoob Sadarkaa Aanaatti isa jalqabaa ta’e har’a eegalameera. Obbo Namarraa Bulii wayita sanatti ergaa dabarsaniin, tajaajilli Masoob Naannichatti bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii uummataa adeemsaan deebisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Akka Itti gaafatamichi Jedhanitti, tajaajilli kun hoj-maata badaa ittisuu bira darbee, gaaffiiwwan uummataa tokko tokkoon deebisaa jiraachuu keenyaaf ragaadhajechuun; gara fuulduraattis tajaajilicha ammayyeessuun lammiilee hedduuf akka gahuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniitiin, gaaffiiwwan misoomaa fi tajaajilaa jiraattonni Godinichaa yeroo adda addaa kaasan furuuf tajaajilli Masoobii sadarkaa Aanaatti babal’achaa jiraachuu eeraniiru. Kantiibaan Magaalaa Asandaaboo Obbo Naziif Sheek Kamaal, giddugala kanatti dhaabbileen 11 gosa tajaajila 52 foddaawwan 8’n akka kennan ibsuun, Ogeessonni tajaajila qulqulluu fi saffisaa kennuuf leejii fudhatanii gara hojiitti galaniiru jechuun ibsaniiru.
Leenjiin koodarsii dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa, beekumsaa fi gahumsa teeknooloojii hidhate uumaa jira
Mar 31, 2026 257
Bitootessa 22/2018 (ENA): Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii hidhate uumaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buhi. Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5, jalqabbii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ta’e, dargaggoonni guutuu biyyattii keessatti argaman dameewwan teeknooloojii adda addaatiin beekumsaa fi dandeettii horachuun gahumsaa fi dorgomaa akka ta’an taasisaa jira. Bulchiinsi Dirree Dawaas bara kana dargaggoota kuma 36 fayyadamoo taasisuuf hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuun himameera. Akka Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalichaa Harbii Buhii ENAtti himanitti, Leenjiin koodarootaa dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa ta’e uumaa jira jedhani. Dargaggoonni leenjii kanaaf galmaa’an kuma 36 keessaa dhibbeentaan 70 bu’a qabeessaa fi dammaqinaan leenjicha irratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa dhibbeentaan 59 ragaa fudhataniiru jedhani. Karoora leenjii kanaaf kaa’amee ture dhuma bara bajataa kanaatti guutummaatti galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Dargaggoonni Itiyoo Koodarsii beekumsaa fi dandeettii horataniin carraa hojii uumuu, qabeenya maddisiisuu, gahumsaa fi bu’a qabeessummaa isaanii mirkaneessaa akka jiran himaniiru. Itti dabaluunis dargaggoonni leenjicha xumuran tajaajila dhaabbata iddoo tokkoo(Masoob) fi waajjira sivil sarvisii keessatti kennamu qindeessuun gahumsa isaanii qabatamaan mirkaneessaa jiru jedhan. Hojiiwwan hojjetamanis Dirree Dawaan sadarkaa biyyaatti bu’aa fooyya’aa akka argamsiisu kan dandeessisan ta’uu hubachiisuudhaan, ji’oota baajataa hafan keessatti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Leenjitoonnis leenjichi ergama isaanii bu’a qabeessaa fi gahumsaan akka raawwatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Shamarreen Saaraa Huseen wiirtuu tajaajilaa magaalaa Dirree Masob keessatti kan hojjettu yoo taatu, beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argatte gahumsaa fi saffisa guddaadhaan itti gaafatamummaa ishee raawwachuuf kan ishee gargaaru ta’uu ibsiteetti. Leenjii kana milkaa'inaan xumuree Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa irraa waraqaa ragaa kan argate Fiqiruu Zawudee leenjiin Itiyoo koodarsii dandeettii teeknooloojii dhaloota haaraa fooyyessaa jiraachuu himani. Leenjichi ergama kana qulqullinaa fi saffisaan akka xumuran, itti quufinsa maamiltootaa akka dabalu isaan dandeessisuu eeraniiru.
Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira
Mar 28, 2026 280
Bitootessa 19/2018 (ENA): Leenjiin Itiyoo-Koodarsii carraa hojii uumuu dijitaalaa fi kalaqa babal’isuun dorgomtummaa idil addunyaa guddisaa jira jedhan Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa. Leenjiin koodaroota Itoophiyaa miiliyoona shan kaka’umsa ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kun, keessumattuu dargaggootaaf dorgomtummaa idil addunyaa isaanii babal’isuuf kan kaayyeffatedha. Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa godinaalee adda addaa leenjii fudhatanii of bira darbanii hojiirra oolmaa tarsiimoo misooma dijitaalaa biyya isaaniif taasifamu irratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru. Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ENAtti akka himanitti; Leenjichi dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu fi dandeettii jireenya isaanii guddisu horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Dargaggoonni damee teeknooloojii irratti bobba’an dandeettii isaanii akka guddifatanii gara hojii kalaqaatti akka ce’an gargaareera jedhan. Kunis dorgomtummaa biyyattii fi gara diinagdee beekumsa irratti hundaa'etti ce'uuf gumaacheera jedhan. Barnoota, qonna, industirii, turizimii fi dameewwan birootiin dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera jedhaniiru. Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaatti Daayreektarri Ayisiitii(ICT) Naa'ol Anbassee akka jedhanitti, inistiitiyuutichi barattootaa fi hojjettoonni leenjii kana akka fudhatan deeggarsa taasisaa jira. Leenjiin Itiyoo koodarsii(Ethio-Coders) dandeettii dabalataa horachuuf waan gargaaruuf lammiileen carraa argame sirnaan fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Ogeessi kun hojii lammiilee ogummaa kamiinuu bobba’an fooyyessuu keessatti gahee leenjiin kuni qabu ibsaniiru. Barattuu Baayyush Tasfaayee fi fayyadamaan barnoota tolaa (scholarship) Sudaan Kibbaa Laadulii Moorii akka jedhanitti leenjiin kun bara dijitaalaa waliin deemuuf dandeettii horachuu keessatti faayidaa qabaachuu himani.
Ispoortii
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 478
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru. Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Dorgaommiin Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli Ispoortiiwwan Aadaa Sadarkaa Biyyaalessaa har'a Magaalaa Harariitti ni jalqabama
Mar 29, 2026 498
Bitootessa 20/2018(ENA)- Dorgommiin Ispoortii Aadaa biyyaalessaa 23ffaan fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaan har'aa eegalee Magaalaa Hararitti ni gaggeeffama. Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Ministeerri Aadaa fi Ispoortii qophicha( taatee kana) waliin ta'uun qopheessaniiru. Dorgommiinii fi Feestivaalli kun mata-duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun kan gaggeeffamudha. Dorgommii gosoota Ispoortii 11n gaggeeffamu kanarratti Naannolee fi Bulchiinsa Magaalota hundaarraa Isportessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jechuun Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiseera. Dorgommii fi Feestivaala kanarratti keessummoonni kabajaa Konfedereeshinii Ispoortii fi Taphoota Aadaa Afrikaa irraa affeeraman ni argamu. Sagantichi tokkummaa, garaagarummaa fi waliin jireenya Sab-daneessummaa Itiyoophiyaa kan calaqqisiisudha. Feestivaalichi Hawaasa Ispoortii Aadaa irratti hirmaachisuu fi fayyadamaa taasisuun alatti, Ispoortii Aadaa Hawaasummaa taasisuu dandeessisuuf kaayyoo akka qabu ragaan Ministeerichaa ni mul’isa. Mootummaan xiyyeeffannoo addaa Misooma Ispoortiitiif kenneen, Imaammata Ispoortii haaraatiin Ispoortiiwwan Aadaa misoomsuuf hojjechaa akka jirus ibsameera.
Hojiin bu'a qabeessa damee ispoortii naannichatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii
Mar 28, 2026 466
Bitootessa 19/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Hararii Ordiin Badirii akka ibsanitti, damee ispoortii naannoo Hararii keessatti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimee itti fufu jedhan. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badirii qophii Dorgommii Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa 19ffaa boru naannichatti eegaluuf taasifamaa jiru daawwataniiru. Hojiin damee ispoortii naannicha keessatti hojjetamaa jiru sadarkaa fooyya’aa irra akka jiru bulchaan kun eerruun, damee kanarratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimanii itti fufu jedhaniiru. Dargaggoota atileetota damee ispoortii adda addaa naannichaa fi naannawaa keessatti dandeettii qaban guddisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba jedhan. Ispoortii sarkasii guddisuuf hojiin bal’aa qabeessi hojjetamuu akka qabus dubbataniiru. Dorgommiin Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaa Boru irraa eegalee Naannoo Harariitti ni gaggeeffama. Dorgommii fi ayyaanni ispoortii aadaa torban tokkoof turu kun mata duree "Misooma Ispoortii Aadaa olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffama.
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 387
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera. Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera. Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira. Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa barakanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiru
Apr 8, 2026 566
Bitootessa 30/2018(ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiraachuu Bulchaan Naannoo Benishaangul Gumuuz Ashaadilii Hasan ibsan. Bulchaan Naannichatti Buufatalee Biqiltuu Aanaa Uraatti argamuun qophii biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif taasifamaa jiru irra deemanii daawataniiru. Daawwannaa isaanii booda haasaa taasisaniin, naannichaattis ta’e akka biyyaatti sagantichi cimee itti fufuu isaa ibsaniiru. Hojiin misoomaa kun baranas xiyyeeffannoon addaa kennameefii biqiltuuwwan gahaan naannichatti qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa garaagaraa qaban qophaa’aa jiraachuu daawwannaa keenyaan mirkaneessineerra jedhaniiru. Dabalataanis, biqiltuuwwan kanaan dura dhaabaman sadarkaa irra jiranii fi hojiiwwan Misooma Eegumsa Naannoo Aanichatti hojjetamaa jiran bulchaan kun daawataniiru.
Itiyoophiyaan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal simsiisuun bosonaa kunuunsa jirti
Apr 4, 2026 932
Bitootessa 26/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaagaalee idil addunyaa bittaa fi gurgutaa kaarbooniin kan wal siman muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa guddisaa jiraachuu qindeessaan koree teekniikaa ashaaraa magariisaa Dr. Adafris Warquu ibsan. Doktar Adafris Warquu turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu kaasanii, irra caalaan bosona keessatti akka argamu eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluurra darbee galiin biyyattiin gurgurtaa kaarbooniirraa argattu akka dabalu qooda olaabaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii garagaraa hedduu waan qabduuf kuusaa kaarboonii fooyya’aa of keessatti qabachuuf teessuma lafaa mijataa akka qabdu doktar Adafris ibsaniiru. Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa fi naannawaa irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jirtu eeranii, kun ammoo kaarboonii qilleensarraa dhabamsiisuudhaan karaa uumamaa fi nam-tolcheen akka kuufamu gochaa jira jedhaniiru. Gaaziin ho’a of keessatti qabatu kan kana dura bosonni ciramuu fi qabiinsa lafaa hin malleen gara hawaatti gadi lakkifamu ittisuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa akka jiru himaniiru. Haala Kanaan muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa fulla’aa ta’an kan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal siman guddisuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kan lammataa ammoo yeroo biqiltuuwwan dhaabaman kaarboonii Kanaan dura gara hawaa seene walitti qabuun kan itti deebi’an kan godhu hojmaata hojiirra oolchuunii fi kaarboonii gadhiisiirraa eegame gabaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtuun gurgurtaa kaarboonii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu fi biyyoonni garagaraa Itiyoophiyaa waliin walii galtee bittaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Haala Kanaan mootummaan Norweeyi ka’umsaaf bittaa kaarboonii doolaara miiliyoona 75 akkasumas Baankiin addunyaas walii galtee bittaa raawwachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Norweeyii fi Baankiin addunyaa bituuf kan barbaadanii ol Kaarboonii maddisiisuushee eeranii, qabeenyi kaarboonii doolaara biiliyoona tokko baasu akka jiru ibsaniiru. Addunyaarratti Bajata guddaa bittaa kaarbooniif ramadamu gara gurgurtaa kaarboonii Itiyoophiyaatti fiduuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Faayinaansii kaarboonii addunyaarratti argamu gara Itiyoophiyaa fiduuf sagantaa ashaaraa magariisaa cimsuun olitti sanadoota qindeessuunii fi hojiileen biro hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru.
Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu argatu
Apr 3, 2026 720
Bitootessa 25/2018 (ENA): Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu akka argatan Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Ibsa Inistiitiyuutichi ENA’f ergeen, rooba Arfaasaa Bitootessa 23 hanga Eebila 22/2018tti, hangi jiidhinsa qilleensaa ol’aanaa akka ta’u ibseera. Kana waliin roobni Arfaasaa Itiyoophiyaa irra caalaan isaa ji’a Eebilaa keessa baay’inaa fi raabsa isaatiin ji’oota Arfaasaa lamaan caalaa jiidha ni qabaata. Haalli qilleensaa kun naannolee rooba Arfaasaan oomishan keessatti hojii qonnaaf haala mijataa ni uuma jedhamee eegama jechuun inistiitiyuutichi ibsa baaseen beeksiseera. Haalli qilleensaa jiidhinni walitti fufiinsaan jiru ji’a Bitootessaa keessa oomishtummaa midhaan Arfaasaa sadarkaa guddinaa adda addaa irra jiruuf iddoo guddaa qaba jedheera. Akkasumas qilleensi jiidhaan Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa irraa eegamu oomisha midhaanii, lafa dheedichaa fi dhiyeessii bishaanii naannoo walakkaa horsiisee bulaa kan akka Booranaa, Gujii fi kanneen kana fakkaatan keessatti murteessaa ta’uu himameera. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo Arfaasaa oyiruu isaanii qopheessuun haala jiidhinsa mijataa eegamutti akka fayyadaman dhaameera inistitiyuuchi. Inistiitiyuutichi naannoleen rooba gabaabaa ta’an haala gogiinsa walitti fufiinsa qabu kan sababa jijjiirama rooba Arfaasaatiin rooba uumamuu danda’u dandamachuuf jiidhina oyiruu keessa tursiisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qabanis hubachiiseera. Gama biraatiin, sigiga lafaa, dhiqama biyyee fi lolaa cimaa naannoo tokko tokkotti sababa rooba cimaatiin uumamuu malu irraa of eeggannoon akka taasifamu hubachiiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu qorannoodhaan deeggaramuu qaba
Mar 31, 2026 221
Bitootessa 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taasisaa jirtu dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo fi saayinsiidhaan deeggaruu akka qaban Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Siyyum Mokonnon ibsani. Fooramiin waliigalaa jalqabaa sirna jalqabsiisa Tarkaanfii Haala Qilleensaa Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Pilaanii fi Misoomaa obbo Siyyum Mokonnon, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii biyyaalessaa keessatti gahee tarsiimoo dhaabbileen barnoota olaanoo qabaachuu qaban dubbataniiru. Furmaata saayinsaawaa qopheessuun waliin hojjechuun akka isaan irraa eegamus hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarsiimoo dinagdee magariisaa haala qilleensaa dandamatu hojiirra oolchuurratti adda duree ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuu fi anniisaa haaromfamuu danda’u misoomsuu dabalatee hojiiwwan waggoota darban keessa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti galmaa’e Itiyoophiyaan Afrikaa fi Addunyaaf fakkeenya ta’uu agarsiisa jedhan. Dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo isaanii fi barruulee qorannoo fi barruulee barattoota digrii lammaffaa jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti xiyyeeffachuu qabu jedhani. Dabalataanis waltajjiin kun waltajjii hojii qindoominaa qaamolee imaammata baasanii fi dhaabbilee barnootaa cimsu ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa akka dhaabbata dhimma haala qilleensaa to’atutti qindoomina yunivarsiitiiwwan waliin eegale cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Yuunivarsiitiiwwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf furmaata saayinsaawaa maddisiisuu keessatti gahee guddaa qabu kan jedhan immoo eeggataa Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee dha. Akkasumas hojiiwwan misooma Ashaaraa magariisaa fi ijaarsa dandamachuu haala qilleensaa akka biyyaatti hojjetamaa jiran keessatti hirmaannaan yuunivarsiitiiwwan qaban ti’oorii irraa gara hojiitti jijjiiramuu akka qabus ibsaniiru. Waltajjichi hundeeffamuun jijjiirama qilleensaa furmaata barbaaduu keessatti milkaa’ina guddaa ta’uu ibsuun, tattaaffii akka biyyaatti jalqabame kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2605
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10765
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.