ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Carraan egeree Afriikaa yeroon inni garee biyyoota muraasaan itti murtaa’u dhumateera-Pirezidaant Vilaadmiir Putiin
Oct 28, 2026 69
Onkoloolessa 18/2019 (ENA)- Carraan egeree Afriikaa yeroon inni garee biyyoota muraasaan itti murtaa’u dhumateera jechuun ibsan Pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Putiin. Yaa’iin Ruusiyaa-Afriikaa 3ffaan har’a magaalaa Mooskootti yoo jalqabamu Pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Putiin haasawaan bananiiru. Pirezidaant Puutiin haasaa taasisaniin hariiroon dippilomaasii Ruusiyaan Afriikaa waliin qabdu seena qabeessa, birmadummaa biyyaa kan kabaje, itti fayyadama waloo, obbolummaa fi wal kabajarratti kan hundaa’edha jedhan. Tumsi kun cimaa kan deemu ta’uus eeraniru. Guddinni baay’ina ummataa Afriikaan agarsiisaa jirtuu fi dinagdeen ariifataan dinagdee addunyaa keessatti shoora qabdu akka guddisu dubbataniiru. Biyyoota addunyaarraa guddina dinagdee ariifataa agarsiisaa jiran 20 keessaa 12 Afriikaa keessatti kan argaman ta’uun kanaaf agarsiiftuudha jedhaniiru. Afriikaan nyaataan akka of dandeessu Ruusiyaan gama teeknooloojiin, ijaarsa bu’ura misoomaa si’achiisuuf, sagantaawwan qonnaa sadarkaa Ardii Afriikaan gargaaruuf qophiidha jedhan. Kun ammoo afriikaan wabii nyaataa akka mirkaneeffattuu fi fedhiisheerra darbee oomisha ishee gara biyyoota birootti erguu akka dandeessu kan gargaarudha. Afriikaa “ardii egeree” jechuun kan ibsan pirezidaant Putiin, dhiibbaan sirna idil addunyaa keessatti qabaattu caalaatti akka guddatu ibsaniiru. Kanaaf biyyoonni adeemsa ilaalcha gita bittaa waliin wal qabatu hordofan dhorkaawwan seera hin qabne, dhiibbaa dinagdee, waraana taarifaa fi sodaachisuu tti fayyadamuun Afriikaanota maxxantummaa idaatti deebisuuf yaalaa akka jiran eeraniiru. Afriikaan birmadummaa guutuu kabachiisuufii kan gargaaran keessumaa akkaataa kaffaltii haaraa, hordofuu qabdi kan jedhan yoo ta’u, Ruusiyaan deeggarsa teeknooloojii gochuuf qophoofteetti jedhan. Barri carraan Afriikaa egeree garee biyyoota muraasaan itti murteeffamu dhumachuusaa kan eeran putiin, sirna idil addunyaa keessatti wiirtuuwwan humna haaraa uumamaa akka jiran eeraniiru. Isaan keessaa gareen biyyoota miseensota ‘BRICS’ bakka barbaachisaa akka qabu dubbataniiru. Guddinni dinagdee biyyoota miseensa ‘BRICS’ waggoottan shaman darban qofa dhibbantaa 40 ta’uu ibsanii, kunis guddina dinagdee biyyoota miseensa garee 7 dhibbantaa 10 akka caalu ibsaniiru.
kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikame
Oct 28, 2026 55
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Kitaaba Ida’amuu afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaate irratti argamuun ergaa dabarsaniir. Kitaabni kuni dubbistootaaf dhiyaachuu isaas karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru. Ergaan isaanii akka itti aanutti dhiyaateera. Har’a kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaateera. Sagantaa eebba kitaabaa irratti qaamaan argamuun gammachuu guddaan natti dhagahameera. Bu’aan seena qabeessa kun falaasamni Ida’amuu beekumsa dhalootaan Itoophiyaa keessaa bahee amma daangaa ce’ee addunyaa guutuutti babal’achaa akka jiru ragaa jiraataadha. Yeroo darbe kitaabni kun afaanota biyya keessaatiin alatti gara Ingiliffaa, Chaayinaa fi Arabiitti hiikamee dubbistoota bal’aa bira ga’uu isaa ni yaadatama. Amma garuu yaadni Itoophiyaa daangaa ce’ee balbala lammiilee Raashiyaa bal’aa bira ga’uun isaa, qaqqabummaa addunyaa fi hiika dippilomaasii falaasama kanaa daran guddiseera. Tarkaanfiin kun falaasamni, duudhaalee fi yaadni ida’amuu Itoophiyaan ala ummatoota biroo bira ga’uuf carraa haaraa uumuu qofa osoo hin taane, Itoophiyaan yaada bilchaataa mataa ishee addunyaaf gumaachuu qabdu ta’uu qabatamaan kan agarsiisudha. Akkuma Raashiyaan lammiilee Itoophiyaa hedduudhaaf lafa ogbarruu fi beekumsaa taatee tajaajilaa turte, amma yaadni Itoophiyaa afaan Raashiyaatiin dubbistoota Raashiyaa bira gahuun waljijjiirraa beekumsaati. Tattaaffii fi of kennuu ogeeyyiin miidiyaa fi hoggantoota dhaabbata ‘Russia Today’ (RT) milkaa’ina kana taasisaniifi qophii kitaabichaaf gumaacha guddaa godhan baay’een dinqisiifadha. Boqonnaan seenaa haaraan kun beekumsa, aadaa fi falaasama dhalootaan Itoophiyaa badhaadhaa ta’e waltajjii idil-addunyaa irratti daran guddisuu fi riqicha aadaa fi sammuu cimaa ummatoota gidduutti ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Itiyoophiyaan Jeettiiwwan waraanaa SU-35 dhaloota 4ffaa++ Ruusiyaa harkaa fudhatte
Oct 28, 2026 74
Onkoloolessa 18 /2019 (ENA)- Itiyoophiyaan Jeettiiwwan waraanaa SU-35 dhaloota 4ffaa++ (Su-35 4++ Generation) Ruusiyaa harkaa fudhachuushee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin, tattaaffiin hunda galeessa nagaa fi tasgabbii fulla’insaan mirkaneessuuf tasifnu har’a boqonnaa haaraarra gaheera jedhan. Itiyoophiyaan raayyaa ittisaatiin qophii taasisaa jirtu dandeettii haleellaa dursanii ittisuuf ishee dandeessisu ishee gonfachiisaa jira. Akkaataa walii galtee Ruusiyaa waliin Kanaan dura irra geenyeen, har’a jeettii waraanaa suu-35 dhaloota 4ffaa++ (Su-35 4++ Generation) kudha lama harkatti galfanneerra. Dabalataanis Itiyoophiyaan baatirii sirna ittisa qilleensaa S-400 harkatti galfatti. Qophaa’ummaan Itiyoophiyaan humna ittisaan taasisaa jirtu haleellaa dursanii hambisuuf humna ishee dandeessisu ishee gonfachiisaa akka jiru ibsaniiru. Akkaataa walii galtee Ruusiyaa waliin Kanaan dura irra geenyeen, har’a jeettii waraanaa suu-35 dhaloota 4ffaa++ (Su-35 4++ Generation) kudha lama harkatti galfanneerra jedhaniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan baatirii sirna ittisa qilleensaa S-400 afura harkatti ni galfatti jedhan. Ministirri muummee ergaasaaniin, michuun koo pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Putiin walii galtee keenya wagga tokko dura xiyyaarota waraanaa kana akka harkatti galfannu tattaaffii taasisaniif galanni isaaniif mala jedhaniiru. Jeettiiwwan waraanaa kana hidhachuun Itiyoophiyaan biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadiirraa kan jalqabaati jechuun ibsaniiru. Milkaa’inni seena-qabeessi kun birmadummaa biyya keenyaa caalaatti kan cimsu yoo ta’u, fuulduras nageenya waloo keenyaa fi tasgabbii naannoo mirkaneessuuf imala itti jirru garaa guutuun akka itti fufnu humna guddaa ta’a jedhaniiru.
Tooftaawwan oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu'aa olaanaa galmeessisaa jiru
Oct 28, 2026 53
Onkoloolessa 18/2018(ENA)-Tooftaawwan oomishtummaa qonnaa Itoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu'aalee olaanoo galmeessisaa jiraachuu de’eetaan Ministira Tarsiimoo Biyyaalessaa Abbaas Mahaammad ibsan. Yaa'iin Imaammata Qonnaa Ardii Afrikaa, Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa fi Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa waliin ta’uun qophaa'e Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera. Yaa'iin waggaa 13ffaan qooda fudhattoota ardii Afrikaa kun guyyaa har'aa dabalatee guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, mata duree “Dinagdee Nyaataa fi Qonnaa Dorgomaa Ijaaruu: Daandiiwwan Misooma Imaammataa, Daldalaa fi Industirii Afrikaa” jedhuun gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministara Tarsiimoo Biyyaalessaa, Abbaas Mahaammad, yaa'icharratti akka ibsanitti, misoomni qamadii jallisii bonaa Itiyoophiyaa fedhii fayyadama biyya keessaa guutuun, biyyattii qamadii alaa galchuu irraa gara of danda'uutti ceesisuu danda'eera. Sagantaan Maaddii Guutuu oomishtummaa aannanii, lukkuu, damma, qurxummii, kuduraalee fi muduraalee guddisuun wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf dandeettii guddaa uumuu ibsaniiru. Duulli Sagantaa Ashaaraa Magariisaas eegumsa biyyee fi bishaanii cimsuun oomishtummaa qonnaa waaraa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himaniiru. Tattaaffiin Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaa gama maraan guddisuuf taasisaa jirtu, Afrikaa qabeenyaa fi dandeettii qonnaa bal'aa qabdu gara oomishtummaa dorgomaa ta'etti jijjiiruun birmadummaa nyaataa ardichaa mirkaneessuun akka danda'amu kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Gara fuulduraattis, oomishtummaa qonnaa Afrikaa fooyyessuun sirna walitti hidhamiinsa gatii oomisha industirii jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda'u diriirsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Gama biraatiin, Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa, Fiqaaduu Tsaggaa, fooyya'iinsi imaammata qonnaa Itoophiyaa damee qonnaa gara sirna ammayyaa fi gabaan hoogganamutti ceesisuu ibsaniiru. Keessumaa, maashinoota qonnaa gibira irraa bilisa ta'anii galchuu, gabaa dijitaalaa babal'isuu, misooma jallisii fi fooyya'iinsa sirna gabaa irratti hojiiwwan hojjetaman industiriiwwan oomisha qonnaa qindeessanii galtee itti dabalan guddisuu fi dargaggootaaf carraa hojii uumuuf gumaacha gaarii taasisaa jiraachuu himaniiru. Biyyoonni Afrikaas tarsiimoowwan oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo fudhachuun, sirna guddinaa fi badhaadhina waloo mirkaneessu hordofuu akka qaban ibsniiru. Walitti Qabaan Boordii Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa, Piroofeesar Andiruu Teemuu, gama isaanitiin, imaammattoonni qonnaa Afrikaa haala qabatamaa ardichaa irratti hundaa'uu akka qaban eeraniiru. Sagantaan Misooma Qonnaa Afrikaa Waliigalaa fi waliigalteen Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa (AfCFTA) guddina ardichaa saffisiisuuf bu'uuraalee ifa ta'an ta'uu himaniiru. Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa, Dr Antoonii Chaapoottoo , sirna qonnaa fooyyessuuf qindoominni qooda fudhattoota damee qonnaa murteessaa ta'uu ibsaniiru. Yaa'iin qooda fudhattootaa kun bu'aalee qorannoo fi yaadota furmaataa oomishtummaa qonnaa Afrikaa guddisuu danda'an waljijjiiruun, tarkaanfiiwwan imaammataa qabatamoo fudhachuuf carraa kan uumu ta'uu himaniiru.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 rooba gannaan misoome irraa midhaan dhibbantaa 90 walitti qabameera
Oct 28, 2026 106
Onkoloolessa 18/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 rooba gannaan misoome rooba yeroo malee jalaa baasuuf midhaan dhibbantaa 90 duulaan walitti qabamuu waajjirri qonnaa bulchiinsichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Alamuu Qilxuu har’a ENA’f akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 bulchiinsa magaalichaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 irra sanyiin garagaraan facaafameera. Midhaan kana rooba yeroo malee jalaa baasuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Duula Kanaan kombaayinaroota 15 dabalatee barattootaa fi qaamolee nageenyaa akkasumas tola ooltota hirmaachisuun midhaan dhibbantoaa 90 walitti qabamuu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni gareewwan misoomaa fi gurmaa’insatti gargaaramuun daboodhaan walitti qabachaa akka jiran himaniiru. Kan osoo walitti hin qabamiin hafe kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun amma torban dhufuutti xumuruuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru. Boqqoolloo, Qamadii, Xaafii fi midhaan biroo qisaasama irraa oolchuuf maashinaroota xixiqqaa fi kombaayinaroonni gahaan hojiirra oolfamuu ibsaniiru.
Siyaasa

Yaa’iin Ruusiyaa-Afriikaa 3ffaan har’aa fi boru Mooskootti gaggeeffama
Oct 28, 2026 156
Onkoloolessa 18/2019(ENA)-Hoggantoonni biyyaa fi imaammata baaftonni dinagdee, invastimantii fi tumsa namoomaa dabalatee dhimmoota ijoorratti kan mari’atan yaa’iin Ruusiyaa-Afriikaa har’aa fi boru Mooskootti gaggeeffama. Hirmaattonni biyyoota Afriikaa 46 irraa walitti dhufan 200 ol kan argaman yoo ta’u, wal gahiin gam lame fi gama hedduu ni gaggeeffamu jedhameetu eegama. Kana malees bakka bu’oonni miidiyaalee Afriikaa walii galteewwan hedduu ni mallatteessu. Waltajjichi tumsa siyaasaa dinagdee, teeknooloojii fi nageenyaa biyyoota Ruusiyaa fi Afriikaa jidduu jiru cimsuuf kan gaggeeffamudha. Tumsi dijitaal teeknooloojii, hubannoo nam-tolchee, wabii nyaataa, daldalaa fi inarjii yaa’ii kanarratti ajandaawwan ijoo ni ta’u jedhameetu eegama. Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Maariyaa Zakaroovaa kaleessa ibsa kennaniin, biyyisaanii yaa’ii Kanaan dinagdee dabalatee dhimmoota ijoo biroorratti akka xiyyeeffattu ibsanii, kanaafis qophii barbaachisu taasisuushee dubbataniiru. Akkasumas tumsa daldalaa fi invastimantii babal’isuuf fedhii waloon qabnu kan ittiin calaqqisiifnu ta’a jechuun eeraniiru.
Nageenyi milkaa’ina hundaaf bu’uuradha
Oct 28, 2026 114
Onkololessa 18/2019(ENA): Nageenyi milkaa’ina hundaaf bu'uura ta’uu himame. Godina Giddugaleessa Oromiyaatti gamaaggamni raawwii hojii nageenyaa qaamolee nageenyaa waliin gaggeeffame. Itti Aanaan Waajjira Nagaa Godinichaa Obbo Girmaa Warqinaa, nageenya waaraa mirkaneessuu fi misooma itti fufiinsa qabu fiduuf qaamoleen nageenyaa xiyyeeffannoo fi qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Qajeelchi Olaanaa Ittisaa Yakkaa Godinichaa Komaandar Tolasaa Malkaas, misoomni nageenya malee galma gahuu akka hin dandeenye ibsuun, hawaasnii fi qaamoleen nageenyaa tokkummaa fi qindoominaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru jechuun waajjirri komunikeeshinii Godinichaa beeksiseera. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Ayyaana sabaafi sablammootaa marsaa 21ffaa karaa nagaafi duudhaa isaatiin kabajuuf qophiin taasifamaa jira jedhan -Obbo Abdussalaam Waariyoo
Oct 27, 2026 379
Onkoloolessa 17, 2019 (ENA)-- Ayyaana Sabaafi Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaa karaa nagaa, gurmaa’inaafi duudhaa isaa eegeen kabajuuf leenjiin leenjitootaa Magaalaa Adaamaatti kenname. Leenjiin kun dandeettii hoggantootaa, qindeessitootaafi hirmaattotaa cimsuun ayyaanichi karaa nagaa, gurmaa’inaafi duudhaa isaa eegeen akka kabajamuuf gahee olaanaa qaba jedhameera. Leenjichi mata duree ‘Bulchiinsa Sabdaneessaafi Walitti Dhufeenya Mootummootaa Ijaarsa Sirna Federaalawaa Cimaaf’ jedhuun kan kennamedha. Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Abdussalaam Waariyoo, ayyaanni Sabaafi Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaan, yeroo jijjiiramni Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiruufi ummanni bu’aawwan isaa irraa fayyadamaa jiru kan kabajamu ta’uu himan. Dabalataanis, ayyaanichi karaa nagaafi duudhaa isaa eegeen akka kabajamuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Hirmaattonni leenjichaa gama isaaniin, beekumsaafi dandeettii leenjii irraa argatan hojii irra oolchuun ayyaanichi milkaa’inaan akka kabajamuuf gahee isaanii akka bahan himaniiru
Tattaaffiin misoomaa Itiyoophyaatti hojjetamaa jiranii fi milkaa’inni galmaa’aa jiru kan raajeffatamudha-Ambaasaaddar Niikolaas Siimard
Oct 27, 2026 315
Onkoloolessa 17/2019 (ENA)- Tattaaffiin misoomaa Itiyoophyaatti hojjetamaa jiranii fi milkaa’inni galmaa’aa jiru kan raajeffatamudha jedhan Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikolaas Siimard. Hariiroon gam-lamee fi dameewwan garaagaraan Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa qaban cimee kan itti fufu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikoolaas Siimaard ibsan Tattaaffiin misoomaa gama maraan Itiyoophiyaa keessatti taasifamaa jiruu fi bu’aaleen galmaa’aa jiran dinqisiisoo ta’uu Ambaasaaddarichi himaniiru. Ambaasaaddar Niikolaas Siimaard tattaaffiiwwan misoomaa Itiyoophiyaa fi bu’aalee galmaa’aa jiran ilaalchisuun yaada kennaniin, guddinni magaalotaa biyyattii keessatti mul’achaa jiru kan nama dinqisiisu ta’uu ibsaniiru. Keessumaa, dhihenya kana kan dawwaataan magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Hawaasaatti guddinnii fi ammayyummaan magaalota keessatti mul’achaa jiru isaan argan kan nama dinqisiisu ta’uu himaniiru. Ijaarsa bu’uuraalee misoomaatiin alattis, tattaaffiiwwan dameewwan misoomaa biroo keessatti eegalaman guddina biyyattiif jalqabbii gaarii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan misooma bunaa dabalatee damee qonnaa keessatti carraa misoomaa guddaa akka qabdu eeruun, tattaaffiiwwan misoomaa gama maraan taasifamaa jiranii fi bu’aaleen galmaa’aa jiran abdii guddaa kan namatti horan ta’uu himaniiru. Ambaasaaddarichi ; Kaanaadaa fi Itiyoophiyaan hariiroo fi tumsa cimaa waggoota 60 lakkoofsise qabaachuu ibsanii; gara fuulduraattis dameewwan qonnaa, invastimantii fi kanneen biroo irratti walitti dhiheenyaan hojjechuun akka itti fufu eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa gidduu hariiroon dippilomaasii, dinagdee fi ummattoota biyyoota lamaanii jidduu jiru cimaa fi waggoota dheeraa lakkoofsise jiraachuu odeeffannoon ni mul’isa.
Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa fi tokkummaa biyyaa keenyaati- Gochuu Indaalamaawu.
Oct 27, 2026 369
Onkololessa 17/2019 (ENA) : Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa fi tokkummaa biyyaa keenyaati jedhan Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Baahir Daar Goshuu Indaalammaawu. Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa diinoota alaa irraa biyyattii ittisaa fi humnoota diigumsaa biyya keessaa qolachaa, biyyattiin akka cimtee dhaabbattu taasiseera jedhan Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Baahir Daar Goshuu Indaalammaawu. Naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahir Daaritti hiriirri uummataa raayyaa ittisaa biyyaa deeggaru gaggeeffameera. Hiriira kanarratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dargaggoonniifi kutaaleen hawaasaa biroon hirmaataniiru. Hirmaattonni hiriirichaa tokkummaa fi birmadummaa biyyaalessaa cimsuuf tattaaffii Raayyaan Ittisaa Biyyaa taasisaa jiru deeggaruun ergaa dabarsaniiru. Hirmaattonni hiriirichaa, “Aarsaa gootummaa Raayyaa Ittisaa dhuma hinqabneen kabaja biyya keenyaa ol kaasna; diinoota Itiyoophiyaa barbadeessuun alaabaa keenya ol qabna; gatii Raayyaan Ittisaa Biyyaa, humnoonni nageenyaa federaalaa fi naannoo kaffalaniif kabaja qabna” jechuun dhaadannoowwan dhageessisaniiru. Dabalataanis, “Tarkaanfiiwwan mootummaan nageenya mirkaneessuuf fudhatu ni deeggarra; tokkummaan biyya keenyaa shira humnoota farreen nageenyaa kamiiniyyuu hin gufatu; biyya keenya cimsuu fi badhaadhina ishee mirkaneessuuf mootummaa cinaa hiriirra; Raayyaan Ittisaa Biyyaa keenya mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa ti” jechuun nageenya biyyaalessaafi Raayyaa Ittisaa Biyyaaf deeggarsa qaban ibsaniiru. Kantiibaa Itti Aanaan magaalattii Goshuu Indaalammaawu ergaa dabarsaniin, mallattoo biyya keenyaa kan ta’e Raayyaa Ittisaa Bjyyaaf deeggarsa keenya yeroo ibsinu, fuula alaabaa keenya duratti irra deebiin waadaa galaa fi gootummaa raayyaa yeroo hunda mirkaneessaati jedhan. Raayyich diinoota alaa Itiyoophiyaa irraa ittisaa fi humnoota diigumsaa keessoo qolachaa, biyyattii cimsee dhabuu itti fufeera jedhaniiru. Raayyichi qaama biyya diigu qolachuun, ergama biyya cimsuu gootummaan bahachaa jiraachuus ibsaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Deenmaarki damee Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa deeggaruu cimsuuf kutannoo qabdi – Ambaasaaddar Suun Kiroogistiruup ibsan
Oct 26, 2026 578
Onkoloolessa 16/2019 (ENA) Deenmaark deeggarsa damee bishaanii fi inarjii Itoophiyaaf taasiftu cimsuuf kutannoo qabaachuu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark, Suun Kiroogistiruup ibsan. Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa beekumsaa fi teeknooloojii waljijjiiruuf waltajjii murteessaa ta’uu kaasaniiru. Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 3ffaan mata duree “Wabii Bishaanii fi Inarjii gara fuulduraatiif imaammattootaa fi tumsa ragaa saayinsaawaa irratti hundaa’an cimsuu” jedhuun har’a gaggeeffamuu eegaleera. Saganticharratti ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, qorattoonni dame bishaanii fi inarjii, qaamoleen imaammata baasan, akkasumas qooda fudhattoonni biroon argamaniiru. Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa beekumsa waljijjiiruuf, muuxannoo waliif qooduuf, hojiiwwan kalaqaa beeksisuu fi tumsa cimsuuf waltajjii murteessaa ta’uu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark, Suun Kiroogistiruup, saganticharratti ibsaniiru. Deenmaarki sagantaalee tumsa misoomaa fi jalqabbiiwwan garaagaraatiin damee bishaanii fi inarjii Itoophiyaa deeggaruuf kutannoo yeroo dheeraa qabaachuu ibsaniiru. Deeggarsa kana keessaa dhaabbilee damee bishaanii fi inarjii gidduutti muuxannoo kallattiin waljijjiiruu, dandeettii raawwachiisummaa cimsuu, sagantaalee biyyaalessaa deeggaruu fi bu’uuraalee misooma inarjii babal’isuun akka keessatti argaman himaniiru. Itoophiyaan dameewwan bishaanii fi inarjii keessatti carraawwan misoomaa bal’aa akka qabdu ibsaniiru. Rakkoolee dameewwan kanneen keessatti mudatan furuuf invastimantii waaraa, kalaqa, odeeffannoo amansiisaa, dhaabbilee ciccimoo fi tumsi qooda fudhattoota hunda gidduutti akka barbaachisu kaasaniiru. Waltajjiileen akka torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa kanaaf barbaachisummaa olaanaa akka qaban eeraniiru. Tumsi Itoophiyaa fi Deenmaarki gidduu jiru deeggarsa misoomaa qofaan kan hin daangeffamne ta’uu ibsuun, tumsi kun carraawwan michummaa daldalaa, ce’umsa teeknooloojii, kalaqaa fi invastimantii dhuunfaa akka uumu himaniiru. Deenmaarki kaayyoowwan waloo galmaan ga’uuf Mootummaa Itoophiyaa, michoota misoomaa, damee dhuunfaa fi qooda fudhattoota biroo waliin tumsaan hojjechuu kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru. Gama biraatiin, Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ruwaandaa , Chaarlis Kaarambaa, bishaanii fi inarjiin nageenyaafi fayyaa namootaa, guddina dinagdee fi itti fufiinsa eegumsa naannawaatiif qabeenya barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Qabeenyonni lamaan kun walitti dhufeenya cimaa akka qabanis kaasaniiru. Qabeenyonni kunneen faayidaa olaanaa qabaatanis, jijjiirama qilleensaa, guddina dinagdee, daballii baay’ina uummataa fi dhimmoota itti fufiinsa waaraa waliin walqabatan irraa kan ka’e dhiibbaa dabalaa dhufeef saaxilamaa jiraachuu ibsaniiru. Bishaanii fi inarjii gahumsaan, haala haaromfamuu danda’uunii fi itti fufiinsa waaraa qabuun bulchuun wabii bishaanii mirkaneessuuf, dhaqqabummaa inarjii babal’isuu fi egeree rakkoolee dandamachuu danda’u uumuuf murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa muuxannoowwan gaggaarii waliif qooduuf, kalaqawwan haaraa beeksisuu fi dameewwan bishaanii fi inarjii keessatti carraawwan invastimantii qorachuuf carraa akka uumu ibsaniiru.

Hawaasummaa
kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikame
Oct 28, 2026 55
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Kitaaba Ida’amuu afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaate irratti argamuun ergaa dabarsaniir. Kitaabni kuni dubbistootaaf dhiyaachuu isaas karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru. Ergaan isaanii akka itti aanutti dhiyaateera. Har’a kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaateera. Sagantaa eebba kitaabaa irratti qaamaan argamuun gammachuu guddaan natti dhagahameera. Bu’aan seena qabeessa kun falaasamni Ida’amuu beekumsa dhalootaan Itoophiyaa keessaa bahee amma daangaa ce’ee addunyaa guutuutti babal’achaa akka jiru ragaa jiraataadha. Yeroo darbe kitaabni kun afaanota biyya keessaatiin alatti gara Ingiliffaa, Chaayinaa fi Arabiitti hiikamee dubbistoota bal’aa bira ga’uu isaa ni yaadatama. Amma garuu yaadni Itoophiyaa daangaa ce’ee balbala lammiilee Raashiyaa bal’aa bira ga’uun isaa, qaqqabummaa addunyaa fi hiika dippilomaasii falaasama kanaa daran guddiseera. Tarkaanfiin kun falaasamni, duudhaalee fi yaadni ida’amuu Itoophiyaan ala ummatoota biroo bira ga’uuf carraa haaraa uumuu qofa osoo hin taane, Itoophiyaan yaada bilchaataa mataa ishee addunyaaf gumaachuu qabdu ta’uu qabatamaan kan agarsiisudha. Akkuma Raashiyaan lammiilee Itoophiyaa hedduudhaaf lafa ogbarruu fi beekumsaa taatee tajaajilaa turte, amma yaadni Itoophiyaa afaan Raashiyaatiin dubbistoota Raashiyaa bira gahuun waljijjiirraa beekumsaati. Tattaaffii fi of kennuu ogeeyyiin miidiyaa fi hoggantoota dhaabbata ‘Russia Today’ (RT) milkaa’ina kana taasisaniifi qophii kitaabichaaf gumaacha guddaa godhan baay’een dinqisiifadha. Boqonnaan seenaa haaraan kun beekumsa, aadaa fi falaasama dhalootaan Itoophiyaa badhaadhaa ta’e waltajjii idil-addunyaa irratti daran guddisuu fi riqicha aadaa fi sammuu cimaa ummatoota gidduutti ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa qubsuma namaa mootummoota gamtoomanii waliin misooma waaraa Finfinnee cimsuuf walii galtee mallatteessan
Oct 26, 2026 462
Onkoloolessa 16/2019 (ENA) Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee sagantaa qubsuma namaa mootummoota gamtoomanii waliin misooma waaraa Finfinnee cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru. Waliigaltichi magaalaatti odeeffannoo walitti qabuu fi xiinxaluu, hordoffii bu’aalee misoomaa, qophii pilaanii caasaa 11ffaa, gatii madaalawaan mana dhiheessuu fi qophiilee magaalichatti COP32 waliin wal qabatan irratti kan xiyyeeffatedha. Tumsi kun bulchiinsa magaalaa fooyyessuuf, carraalee invastimantii babal’isuu fi haala jireenya jiraattotaa cimsuuf kan gargaarudha.
Itiyoophiyaan koree fannoo diimaa idil addunyaa waliin tumsa qabdu cimsuuf qophiidha
Oct 26, 2026 315
Onkoloolessa 16/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan koree fannoo diimaa idil addunyaa waliin tumsa dhimmoota namoomaarratti qabdu cimsuuf qophii ta’uushee pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee daarektara koree naannoo Afriikaa Mamaduu Sowu fi jilasaanii waliin mari’ataniiru. Itiyoophiyaan koree fannoo diimaa idil addunyaa waliin tumsa yeroo dheeraa qabduuf iddoo guddaa akka kennitupirezidaantichi ibsaniiru. Itiyoophiyaan dhimmoota namoomaarratti koricha waliin tumsa qabdu cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.
Magaalaa Maqaleetti manneen barnootaa hundatti hojiin baruu fi barsiisuu eegalame
Oct 26, 2026 292
Onkoloolessa 16/2019 (ENA) Manneen barnootaa Bulchiinsa magaalaa Maqalee jalatti argaman hundatti hojiin baruu fi barsiisuu irra deebi’amee eegalameera. Manneen barnootaa sababa garee seeraan alaa TPLFn addaan citee ture hojiin barnootaa deebi’ee eegalamuun isaa; barattoonni gara gabatee barnootaa isaaniitti akka deebi’anii fi hojiin barnootaa adda cite akka itti fufu ta’eera. Magaalichaitti hojiin baruu fi barsiisuu har’a Onkoloolessa 16 bara 2019 irraa eegalee irra deebi’ee kan eegale yoo ta’u; kunis addaancitinsi barnoota irratti uumamee ture hambisuudhaan barattoonni barnoota isaanii akka itti fufan ni gargaara. Hojiin barnootaa eegalamuun isaa magaalaa Maqalaatti dhaabbileen barnootaa tajaajila idilee isaaniitti deebi’uu isaanii mirkaneessuu fi itti fufinsa barnootaa barattootaaf tarkaanfii barbaachisaa ta’uunsaa ibsameera.
Diinagdee
Tooftaawwan oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu'aa olaanaa galmeessisaa jiru
Oct 28, 2026 53
Onkoloolessa 18/2018(ENA)-Tooftaawwan oomishtummaa qonnaa Itoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu'aalee olaanoo galmeessisaa jiraachuu de’eetaan Ministira Tarsiimoo Biyyaalessaa Abbaas Mahaammad ibsan. Yaa'iin Imaammata Qonnaa Ardii Afrikaa, Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa fi Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa waliin ta’uun qophaa'e Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera. Yaa'iin waggaa 13ffaan qooda fudhattoota ardii Afrikaa kun guyyaa har'aa dabalatee guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, mata duree “Dinagdee Nyaataa fi Qonnaa Dorgomaa Ijaaruu: Daandiiwwan Misooma Imaammataa, Daldalaa fi Industirii Afrikaa” jedhuun gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministara Tarsiimoo Biyyaalessaa, Abbaas Mahaammad, yaa'icharratti akka ibsanitti, misoomni qamadii jallisii bonaa Itiyoophiyaa fedhii fayyadama biyya keessaa guutuun, biyyattii qamadii alaa galchuu irraa gara of danda'uutti ceesisuu danda'eera. Sagantaan Maaddii Guutuu oomishtummaa aannanii, lukkuu, damma, qurxummii, kuduraalee fi muduraalee guddisuun wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf dandeettii guddaa uumuu ibsaniiru. Duulli Sagantaa Ashaaraa Magariisaas eegumsa biyyee fi bishaanii cimsuun oomishtummaa qonnaa waaraa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himaniiru. Tattaaffiin Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaa gama maraan guddisuuf taasisaa jirtu, Afrikaa qabeenyaa fi dandeettii qonnaa bal'aa qabdu gara oomishtummaa dorgomaa ta'etti jijjiiruun birmadummaa nyaataa ardichaa mirkaneessuun akka danda'amu kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Gara fuulduraattis, oomishtummaa qonnaa Afrikaa fooyyessuun sirna walitti hidhamiinsa gatii oomisha industirii jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda'u diriirsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Gama biraatiin, Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa, Fiqaaduu Tsaggaa, fooyya'iinsi imaammata qonnaa Itoophiyaa damee qonnaa gara sirna ammayyaa fi gabaan hoogganamutti ceesisuu ibsaniiru. Keessumaa, maashinoota qonnaa gibira irraa bilisa ta'anii galchuu, gabaa dijitaalaa babal'isuu, misooma jallisii fi fooyya'iinsa sirna gabaa irratti hojiiwwan hojjetaman industiriiwwan oomisha qonnaa qindeessanii galtee itti dabalan guddisuu fi dargaggootaaf carraa hojii uumuuf gumaacha gaarii taasisaa jiraachuu himaniiru. Biyyoonni Afrikaas tarsiimoowwan oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo fudhachuun, sirna guddinaa fi badhaadhina waloo mirkaneessu hordofuu akka qaban ibsniiru. Walitti Qabaan Boordii Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa, Piroofeesar Andiruu Teemuu, gama isaanitiin, imaammattoonni qonnaa Afrikaa haala qabatamaa ardichaa irratti hundaa'uu akka qaban eeraniiru. Sagantaan Misooma Qonnaa Afrikaa Waliigalaa fi waliigalteen Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa (AfCFTA) guddina ardichaa saffisiisuuf bu'uuraalee ifa ta'an ta'uu himaniiru. Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa, Dr Antoonii Chaapoottoo , sirna qonnaa fooyyessuuf qindoominni qooda fudhattoota damee qonnaa murteessaa ta'uu ibsaniiru. Yaa'iin qooda fudhattootaa kun bu'aalee qorannoo fi yaadota furmaataa oomishtummaa qonnaa Afrikaa guddisuu danda'an waljijjiiruun, tarkaanfiiwwan imaammataa qabatamoo fudhachuuf carraa kan uumu ta'uu himaniiru.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 rooba gannaan misoome irraa midhaan dhibbantaa 90 walitti qabameera
Oct 28, 2026 106
Onkoloolessa 18/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 rooba gannaan misoome rooba yeroo malee jalaa baasuuf midhaan dhibbantaa 90 duulaan walitti qabamuu waajjirri qonnaa bulchiinsichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Alamuu Qilxuu har’a ENA’f akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 bulchiinsa magaalichaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 irra sanyiin garagaraan facaafameera. Midhaan kana rooba yeroo malee jalaa baasuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Duula Kanaan kombaayinaroota 15 dabalatee barattootaa fi qaamolee nageenyaa akkasumas tola ooltota hirmaachisuun midhaan dhibbantoaa 90 walitti qabamuu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni gareewwan misoomaa fi gurmaa’insatti gargaaramuun daboodhaan walitti qabachaa akka jiran himaniiru. Kan osoo walitti hin qabamiin hafe kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun amma torban dhufuutti xumuruuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru. Boqqoolloo, Qamadii, Xaafii fi midhaan biroo qisaasama irraa oolchuuf maashinaroota xixiqqaa fi kombaayinaroonni gahaan hojiirra oolfamuu ibsaniiru.
Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa guddina waloofi nageenya naannichaaf murteessaadha - Ministirri Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyi
Oct 28, 2026 124
Onkololessa 18/2019 (ENA): Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa guddina waloofi nageenya naannichaaf murteessaa waan ta’eef biyyoonni olla naannichaa mariif wal hubannaaf taa’uu qabu jedhan Ministirri mummee duraanii Hayilamaariyaam Dassaalanyi. Itoophiyaa fi Galaanni Diimaan adda bahanii jiraachuu hin danda’ani; galaanni Diimaan bu’uura jiraachuu lammiilee Itoophiyaati. Galaanni Diimaan qabeenya uumamaa Itoophiyaa, bu’uura daldalaa fi qaroomina akka ta’es seenaan, teessuma lafaa, aadaa fi seerri ni mirkaneessa. Ministirri Muummee Itiyoophiyaa duraanii Haayilamaariyaam Dassaalany ENAtti akka himanitti,Itoophiyaan biyya galaanaan hin marfamne, bal'ina lafaa bal'aa, baay'ina ummataa miliyoona 130 fi guddina dinagdee ariifataa qabdudha jedhani. Itoophiyaan galaana irraa km 60 fagaattee argamtus, karri galaanaa itti cufamuun sirrii akka hin taane dubbatan. Shirri Itoophiyaa hulaa gala irraa fageessuu akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1880moota keessa yeroo Awurooppaanonni Afrikaa weeraruuf qabatan akka ta’e yaadachiisuun, gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa yoo deebii sirrii hin arganne dhalootaa dhalootatti darbuun isaa waan hin oolledha jedhan. Gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa sirrii ta’uu ibsuun Hayilamariyaam Dassaalayni, akkaataa ittiin deebii sirrii argannu irratti qaamni hunduu tumsuu qaba jedhaniiru. Biyyoonni ollaas gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa waliin guddachuu, nagaa fi tasgabbii eegsisuu, waan fooyya’aa dhaloota dhufuuf dabarsuu fi tasgabbiidhaan fi mariin taa’uu akka ta’e hubataniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Ruuziin dinagdee ittiin fooyyeffachuu qofa osoo hin taane, oomisha birmadummaa biyya keenyaa kabachiisedha
Oct 28, 2026 112
Onkololessa 18/2019(ENA): Ruuziin dinagdee ittiin fooyyeffachuu qofa osoo hin taane, oomisha birmadummaa biyya keenyaa kabachiisedha jedhan qonnaan bultoonni Godina Lixa Oromiyaa. Qonnaan bultoonni Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Hawaa Galaan Ruuzii alaa galu biyya keessatti oomishuun, wabii nyaataa mirkaneeffachaa jirra jedhan. Qonnaan bultootni kunniin Inisheetiivii Ruuzii kilaastaraan oomishaa jiran irraa fayyadamoo ta'aa jiraachuus himaniiru. Karoora Mootummaan oomisha alaa galan hambisuun biyya keessatti oomishuuf qabatee jiru milkeessuuf kilaastaraan Ruuzii misoomsuun fayyadamoo ta’uus dubbataniiru. Kanaanis aadaan qusannaa keenya gabbisuun diinagdeen keenya utubamaa waan jiruuf hojii oomisha ruuzii kana kan baroota darbaniirra dachaan dabaluun bal’ifnee hojjechaa jirras jedhan. Aanaa Hawaa Galaanitti bara kana Ruuzii lafa hektaara Kuma 16 ol irratti misoome irraa callaa kuntaala Kuma 74 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu, Bulchaa Itti Aanaafi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaafi lafaa Aanichaa obbo Taarikuu Ittafaa himaniiru. Ruuziin misoomaa jiru kunis rooba yeroo maleetiin akka hin qisaasamneef qonnaan bultoonni waqtii isaa eeganii sassaabbachuu akka qabanis dhaamaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Saayinsii fi teeknooloojii
Afriikaan sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeessu ijaaruun birmadummaa teeknooloojii ishee mirkaneessuu qabdi - Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 24, 2026 613
Onkololeessa 14/2019 (ENA)-Afriikaan dandeettii ishee walitti fiduun, sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeessu ijaaruun abbummaa teeknooloojii ishee mirkaneessuu qabdi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee dhimma birmadummaa fi jireenya ummata miliyoona 130 ta’uu isaa ibsaniiru. Sagantaan baniinsa waltajjii Foramii Xaanaa 12ffaa magaalaa Bahaar Daar qarqara haroo xaanaatti mata-duree “Karaa Nagaa Afriikaa Keessatti; birmadummaa dinagdee fi jijjiirama Jji’oo-siyaasaa” jedhuun eegalameera. Afriikaa keessatti furmaata nageenyaa sadarkaa ardiitti maddisiisuun, birmadummaa dinagdee fi jijjiiramni ji’oo-siyaasaa ajandaawwan Foramii Xaanaa baranaa irratti xiyyeeffatudha. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti, keessummoota Iiytoophiyaa, biyya seenaa durii qabduu fi Bahaar Daar, bakka madda Abbayyaa ta’etti argaman baga nagaan dhuftan jechuun simataniiru. Foramiin Xaanaa nageenyaa fi tasgabbii Afriikaa irratti mari’achuuf waltajjii ardii Afriikaaf murteessaa ta’uu isaa ibsaniiru. Rakkoolee Afriikaa keessatti umaman hunda to’achuun akka hin danda’amne ibsanii, dandeettii lammiileen rakkoolee dandamachuu cimsuun garuu dirqama keenya ta’uu hubachiisaniiru. Nageenyaa fi misooma waaraa Afriikaa keessatti mirkaneessuuf, jalqaba nageenya lammiilee eeguun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Walitti bu’insa marii fi walii galteen hiikuuf aadaa gaarii horachuun nageenya waaraa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kan ibsan Ministirrri muummee, waltajjiin Foramiin Xaanaa marii qofaan osoo hin daangeffamiin tarkaanfii qabatamaa fudhachuu akka qabu dubbataniiru. Afriikaan nageenya ishee ofiin murteessuu qabdi kan jedhan Ministirri muummeen, xiyyeeffannoon keenya ummata keenya irratti ta’uu qaba jechuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma walitti hidhuun, hidha haaromsa guddicha xumuruudhaan humna elektirikii biyyoota ollaa isheefis dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru. Dabalataanis, yeroo dhihoo keessatti warshaa qulqulleessa albuudaa banachuun albuuda Afriikaa qulqulleessuuf gumaacha akka taasisu ibsaniiru. Afriikaan dandeettii ishee walitti fiduu akka qabdu kan hubachiisan Ministirri muummeen, sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeenyu ijaaruun abbummaa teeknooloojii keenya mirkaneessuu qabna jedhaniiru. Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Nam-tolchee (AI) Ida’amuu ijaaruu irratti argamuu ishee kan ibsan Ministirri muummee, Yuunivarsiitichi Afriikaanota dabalatee namoota hedduu hirmaachisuu akka danda’u dubbataniiru. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee dhimma abbummaa biyyaalessaa fi jireenya ummata miliyoona 130 ta’uu isaa irra deebi’anii ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu kan eeran Ministirri muummee, naannoon Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa hojiirra ooluu akka qabu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy Initiative) jalatti biqiltuuwwan biliyoona hedduutti lakkaa’aman dhaabuu ishee kan ibsan Muummeen Ministiraa, misoomni karaa nagaa isa ijoo ta’uu dubbataniiru.
Magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera
Oct 23, 2026 425
Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaa magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera jechuun dubbatan tajaajilamtoonni. Riippoortarri ENA biiroo bulchiinsa lafaa magaala Ambootti argamuun kenniinsa tajaajilaa ilaalchisuun tajaajilamtoota dubbiseera. Tajaajilamtoonni guyyaa kana tajaajila argachuuf dhufan kenniinsi tajaajilaa dijitaalaan erga ta’ee booda tajaajila si’ataa fi ariifataa argachaa jirra jedhaniiru. Isaan keessaa obbo Xibabee Yimaanee yaada kennaniin Kanaan dura dhimmoota mana jireenyaan wal qabatan raawwachiifachuuf torban lamaa fi sadii fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma yeroo gabaabaatti tajaajilamaa jirra jedhaniiru. Kenniinsi tajaajila dijitaalaa eegalame kun yeroo fi humna akkasumas hojmaata gaarii maallaqa qusatu ta’uu dubbataniiru. Obbo Biraanuu Tasfaayee, kaartaa lafaa argachuuf gara waajjirichaa dhufuusaanii ibsanii, battalatti keessummeeffamuusaanii dubbataniiru. Kanaan dura tajaajila akkasii argachuuf nuffidiidaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu hojmaanni ammayyaa fi si’ataa diriifamuusaa galateeffataniiru. Magaalaa Ambootti tajaajila galmee kaadaastaraa bulchiinsa lafaa argachuuf kan dhufan adde Wayinisheet Atoomsaa tajaajilli teeknooloojiin deeggarame kun bu’aa bayii Kanaan dura ture hambiseera jedhan. Ogeeyyota tajaajilaa jiran galateeffatanii tajaajilli akkasii cimee itti fufuu qaba jedhan. Bulchiinsa lafaa magaalaa Ambootti ogeessi galmeessa kaadaastaraa Malkaa Araggaa, sirni kaadaastaraa kun qabeenya lafa magaalichaa sirnaan bulchuurra darbee tajaajilamtootaa haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Bulchiinsa magaalaa Ambootti namoonni kuma 11 ol sirna ammayyaan galmeeffamanii kaartaa lafaa fudhachuusaanii ragaaleen ni eeru. See less
Yuunivarsiitiin Finfinnee Hayyoota 10’f guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesse
Oct 23, 2026 775
Onkoloolessa 13/2019(ENA) Boordiin Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Finfinnee guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesseera. Boordichi murtoo kana kan dabarse walga'ii kaleessa gaggeessaniini. Guddinni sadarkaa kun bu'aalee fi gumaacha ol'aanaa hayyoonni kunniin barnoota fi tajaajila akadaamii, qorannoo fi tajaajila hawaasummaa irratti galmeessan irratti hundaa'uun kan kenname ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera. Bu’uuruma Kanaan: Dr.Abrahaam GabreeTekkaaleenyi – Istiraakcharaal Injiinaringiin, Dr.Adaanee Bitaw Tagnyi– Medikaal Maayikiroobaayoolojiitiin, Dr. Adeey Felleqee Dastaa–Invaayiroonmentaal Maayikiroobaayoolojiin, Dr. Dassaaleny Yaayyeehii Ayyaal – Diizaaster riski manaajimantiin, Dr. Haayileli'uul Nugusee Dubbaalee – Veeterinaarii Eepideemiyaalojii Dr. Kaasaa Mikaa'el W/Yesuus – Barnoota Herregaa Dr. Salamoon Gannet Gabree – Baayyookeemistrii Dr. Salamoon Ara'aayaa Kaasaa – Barnoota Waliigalaa (General Education) Dr. Yaregaal Assaabee Laaqee – Arfiishaala Intaallajensii Dr. Yedilfaanaa Sexxe'argee Mekonnin – Fiizikaal Keemistrii (Physical Chemistry) Milkaa'inni kun gumaacha yuunivarsiitichi fooyyinsa akkadaamii, qorannoo fi kalaqa haaraa akkasumas tajaajila hawaasaaf kennaa jiruus fi kanaan dura kennees kan agarsiisu ta'uun ibsameera. Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyoota sadarkaa ol'aanaa akkadaamiikii kanaaf ga’aniif baga gammaddan jechuun, fuulduraafis milkaa'ina akkadaamii, qorannoo fi tajaajila jalqabame kana cimsuun akka itti fufsiistan waamicha dhiyeesseera
Dhaabbanni qorannoo Qonna qulumsaa bu’aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf qorannoo teekinooloojiin deeggarame gaggeessaa jira
Oct 20, 2026 1039
Onkoloolessa 10/2019 (ENA) Dhaabbanni qorannoo Qonnaa Qulumsaa bu'aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu teeknoolojiiwwan haaraa qorannoodhaan maddisiisuun deeggaraa akka jiru beeksise. Guyyaan Daawwannaan misooma qamadii biyyaalessaa Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xiyyoo fi Giddu-gala Qorannoo Qulumsaatti gaggeeffameera. Daayirektarri Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Qulumsaa Obbo Shimallis Alamaayyoo akka ibsanitti, giddu-galichi sanyii qamadii jalqabaa dhibbeentaa 80 ol ta’u lafa qorannoo isaa fi ooyruu qonnaan bultootaa irratti baay'isaa jira. Akka Obbo Shimallis jedhanitti, giddu-galichi sanyii baay’isuu malees, Sanyii qamadii ilbiisota oomishtummaa qamadii hir'isuu danda'an dandamachuu danda'an sanyii baay'isuu irratti hojjechaa jira. Dabalataanis, sanyiiwwan qamadii hongee fi ho’a dandamachuun ooomisha gaarii kennan baay’isuudhaan qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf bal'inaan geechisaa jiraachuu eeranii; kanaafis qamadii jallisii bonaa fi sanyiiwwan qamadii naannoo gammoojjii giddu-gala kana irraa qorannoodhaan kan bahan ta’uu ibsaniiru. Kaniinis, biyya keenyatti oomishtummaa qamadii dabaluu irratti shoora olaanaa taphachaa akka jiran ibsuun sanyii qamadii ka’umsaa kuntaala kuma shanii ol baay'isuun waggaa waggaadhaan dhaabbilee oomishtootaa fi fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaaniiru. Keessattuu dandeettia ogeessota qamadii cimsuu irratti hojjechaa akka jiran kan ibsan Obbo Shimallis, kanaafis hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Bu’aa oomishtummaa fi qorannoo qamadii irratti dhufeef kutannoon mootummaa fi hordoffiin akkasumas deeggarsi hoggansaa itti fufinsa qabu shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru. Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti Daayirektarri bakka bu’aan daarektara Misooma Misooma midhaanii Dr.Fiqaaduu Gurmuu akka ibsanitti, inistitiyuutichi misooma qamadii irratti teeknoolojiiwwan haaraa hojii irratti akka oolan qooda fudhattootaaf dhaqqabsiisuun omishtummaa irratti jijiiramni qabatamaan akka dhufu qooda isaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu jallisii bonaa fi naannoolee gammoojjii biyyattii keessatti qamadiin jallisiidhaan bal'inaan akka oomishamu gochuun oomisha qamadiitiin of danda'uu keenya irratti shoora guddaa taphachaa akka jiran ibsaniiru. Teeknoolojii maddisiisuu fi babal'isuun, keessattuu sanyiiwwan qamadii jalqabaa bal'inaan baay'isuu fi gahaa gochuudhaan guddina oomishtummaa qamadii irratti bu’aa qabatamaan akka dhufu gumaacha bahaa jiru caalaatti cimsuudhaaf kaayyeffatee guyyaan daawwannaa biyyaalessaa gaggeeffamuu eeraniiru. Itti dabaluudhaanis, dhaabbileen qorannoo, yunivarsiitiiwwanii fi qooda fudhattoonni hedduun shoora guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru. Daawwannaa kana irratti hoggantoonni damichaa, qorattoonni, bakka bu'oota Yunivarsiitii, Qonnaan Bultoonni fi qooda fudhattoonni biroos hirmaataniiru.
Ispoortii
Haarii Keen - Injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) 2026 ta’e
Oct 27, 2026 263
Onkololessa 17/2019(ENA): Taphataan sarara fuulduraa Kilaba Baayerni Muunik Haarii Keen injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) kan bara 2026 ta’eera. Keen badhaasa kana mo'achuudhaan taphataa lammii Ingilaandi waggaa 25 booda kabaja kana argatedha. Lammii Ingilaandi ta'ee yeroo dhihootti badhaasa kana kan injifate, Maayikil Oowen bara 2001 keessa ture. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii Waancaa Afriikaaf sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata
Oct 19, 2026 1096
Onkoloolessa 9/2018 (ENA)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa gitasaa Ruwaandaa waliin tapha sadarkaa har’a ni gaggeessa. sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata Taphni garee lamaanii har’a guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Ruwaandaa Kiigaalii Istaadiyoomii Peeleetti ni gaggeeffama. Gareen kun Ruwaandaa waliin gaggeessu yoo mo’ate Waancaa Afriikaaf darbuusaa ni mirkaneeffata. Fulbaana 30 bara 2019 irraa eegalee qopheessummaa Morookoon gaggeeffama kan ture gulaalliin Seekaafaa Waancaa Afriigaa wagga 17 gadii har’a xumurama. Biyyoonni dorgommii Kanaan tokkoffaa amma sadaffaa bahan zoonii Seekaafaa bakka bu’uudhaan Waancaa Afriikaa wagga 17ffaa wagga 17 gadii A.L.A 2027 Morookoon qopheessiturratti akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniinn kubbaa miilaa Afriikaa(Kaaf) ni mul’isa. Moorookoo dabalatee biyyoonni 16 dorgommii kanarratti ni hirmaatu. See less
Atileet Taammiraat Tolaa Maaratooni Beejingi qabxii olaanaa galmeessuun ta’een injifate
Oct 18, 2026 906
Onkoololeessa 8/2019 (ENA) Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii Maaratoonii Beejingi rikkoordii haaraa fooyyessuun injifateera. Ramaddii dubartootaatiin dorgommii gaggeeffameen immoo atileet Anchiin aaluu Dassee injifachuu dandeesseetti. Atleetoonni Itoophiyaa dorgommii maaraatoonii Beejingi kan bara 2026 kanaan, atileet Taammiraat Tolaa qabxii haaraa galmeessisuun injifannoon xumureera. Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii kana sa’aa 2 fi daqiiqaa 03 fi sekondii 10n xumuruun, qabxii dorgommii duraanii daqiiqaa afuriin fooyyessuun dandeettii ajaa’ibsiisaa agarsiiseera.
Taphni Arsenaal fi Nottingiham Forest, akkasumas Manchesteer yuunaayitidii fi Liidsi yuunaayitid Sagantaawwa hawwiin eegamanidha
Oct 18, 2026 838
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Taphoota torbee 7ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi guyyaa lammaffaa har'a taphooni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa'aatii 12 fi daqiiqaa 30 irratti Nottingiham Foresti Arsenal waliin Istaadiyeemii Siti Giraawundiitti ni taphatu. Nottingiham Forest qabxii shan qabaachuudhaan sadarkaa 17ffaa irratti argama. Shaampiyooniin liigii yeroo ammaa Arsenal qabxii 15 dhaan sadarkaa lammaffaa irratti taa'eera. Keessummeessaan Foresti taphoota liigii darban lamaanmoo injifatamuu dabarsaniiru. Sagantaan kun gara injifannoo deebi'uuf kan taasifamu dha. Torbee ja'affaatti Leedsi United 2 fi 1 injifachuun gara injifannoo deebi'e Arsenaal deemsa injifannoo isaa itti fufuuf ni tapha. Arsenaal yoo injifatan garagaraa qabxii Liigii durfamaa Manchester Siitii waliin qaban gara sadiitti gadi buusu. Sagantaa biraa irratti Liidsi yuunited Manchester yuunaayitid waliin Istaadiyeemii ayilaandi Rooditti waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni gaggeessu. Keessummeessaan Leedsi qabxii sagal qabaachuudhaan sadarkaa 8ffaa irratti argama. Dorgomaan isaa Manchisteer Yuunaatid qabxii ja'aan sadarkaa 14ffaa irratti argama. Liids yuunaayitid taphoota lamaan darban, Manchister yuunaayitid immoo sagantaawwan liigii afur darban injifachuu hin dandeenye. Kilaboonni lamaan gara injifannoo deebi'uuf tapha taasisan dorgommii wal-madaalaa akka qabu ni eegama. Sagantaawwan biroo irratti Birayitan Kiristaal Paalaas waliin, akkasumas Boornimaawuz Sanidar Laandi waliin walduraa duubaan waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni taasisu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Marsareetiin Itoophiyaa beeksisu ifoome
Oct 28, 2026 105
Addunyaan Itoophiyaa maqaa qofaan ishee beeka malee haala gaariin seenaa fi qabeenya ishee sirriitti hin hubanne. Kunis karaalee ittiin Itoophiyaan beeksifamtu dhibuu isaati. Har'a garuu Marsareetiin Itoophiyaa fi qabeenya ishee addunyaatti sirriitti beeksisu ifatti eegaleera. Itoophiyaan, lafa argama buna buna bosonaa addunyaaf gumaachitedha. Maal kana qofaree Itoophiyaan bakka madda dhala namaatis. Maddi dhala namaa kuni immoo yeroo ammaa kana qilleensa qulqulluu ashaaraa magariisaa isaan dhaabeen aara galfachaa jira. Itoophiyaan laggeen ishee, qilleensaa fi humna aduu gara anniisaatti jijjiirtee of bira darbitee ollaa isheef ifa taateetti. Magaalonni Itoophiyaa miidhaganii abaaboo Afrikaa ta’anii mul’achaa jiru. Itoophiyaan fakkeenya gootummaa, Boonsituu Afriikaanotaa, sagalee tokkummaa Paan Afriikaa taateetti. Itoophiyaan qaroomina ishee durii har’as siidaan, barreeffama mataa isheen, weedduu fi sirbootaan fi pirojektii isheetiin dhalootaaf kaa’aa jirti. Atileetonni ishee miira injifannootiin bakka deeman maratti kan injifatan, Itoophiyaa fi faajjii ishee addunyaaf beeksisaniiru. Imala seena qabeessa gara ‘COP32’tti, marsariitiin kun waltajjii birmadummaa, qabeenyaa fi abdii Itoophiyaa, seenaa keenya irraa kaasee hanga raawwii keenya ammaatti, qaroomina keenya irraa eegalee hanga mul’ata egeree keenyaatti addunyaaf itti dhiheessinudha. Hambaa ishee durii beekaa; Seenaa Itoophiyaa dhugaa ba'aa! #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii akka cimsan ibsan
Oct 14, 2026 1767
Onkoloolessa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii caalaatti cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru. Ministirri maallaqaa Dr. Fitsum Asaffaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Sunee Kiroogsitirup walii galticha mallatteessaniiru. Akkaataa walii galtee kanaatti Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee ajandaa duraa fi kallattii xiyyeeffannoo sadarkaa idil addunyaatti beeksisuu fi agarsiisuuf gootuuf Deenmaark deeggarsa maallaqaa akka taasiftu himameera. Walii galteen haaraan kun hirmaannaa Itiyoophiyaan Kanaan dura taateewwan jijjiirama haala qilleensaarratti taasisaa turterratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u michoomaa fi tumsa egeree biyyoota lamaanii caalaatti akka cimsu ibsameera.
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 1108
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera. Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 3308
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 23367
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 19806
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.