Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtoota Atileetiksii cimaa kan waggaa keessa galan
Oct 27, 2025 73
Onkoloolessa 17/2018 (TOI)- Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtoota Atileetiksii cimaa addunyaa kan waggaa keessa galaniiru. Atileetiksiin addunyaa kaadhimamtoota atileetiksii cimoo damee garagaraa ifoomsaa jira. Qaamni olaanaa Atileetiksii odeeffannoo har’a baaseen dhiiraan atileet Yooomiif Qajeelchaa fi dubartootaan atileet Tigist Asaffaa maqaa kaadhimamtoota cimoo addunyaa Istaadiyeemiin alaa keessa galuusaanii beksiseera. Lammiin Taanzaaniyaa Alfonsi Siimbuu,lammiin Keeniyaa Sabaastiyaan Saawwee, lammiin Biraazil Kaayoo Boonfiim fi lammiin Kaanaadaa Iivan Danfii atileetota dhiiraan kaadhimamanidha. Dhalootaa Itiyoophiyaa lammummaan Nezerland kan taate Siifan Hasan, lammiin Keeniyaa Peereez Jepchiirchiir fi Agines Nigetiich akkasumas lammiin Ispeen Maariyaa Peereez damee dubartootaan kaadhimamaniiru. Sagaleen atileetii filatamaa addunyaa Istaadiyeemiin alaaf kennamu har’a kan eegalame yoo ta’u, amma Onkoloolessa 23 bara 2018tti akka turu atileetiksiin addunyaa beeksiseera. Sagalee kennuu ilaalchisee manni maree ogeeyyota atileetiksii addunyaa dhibbantaa 75 akkasumas miseensonni maatii atileetiksii addunyaa fi sagaleen ummataa qooda dhibbantaa 25 akka qabu ibseera. Manni marichaa fi miseensonni maatii atileetiksii karaa imeelii sagalee kan kennan yoo ta’u jaalattoonni atileetiksii biroon karaa marsariitii hawaasummaa atileetiksii addunyaa kennuu akka danda’an eerameera. Badhaafni atileetota ciccimoo addunyaa bara 2025 Sadaasa 21 bara 2018 Moonaakootti ni gaggeeffama.
Bakkeewwan turizimii haaraan guddina damichaaf carraa dabalataa fqabatanii dhufaniiru
Oct 27, 2025 53
Onkoloolessa 17/2018(TOI)-Bakkeewwan turizimii Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin saaqamanii mul’atan haaraa guddina damichaaf carraa dabalataa fidanii dhufuusaanii dhaabbileen daawwachiiftotaa TOI’n dubbise dubbatan. Fooyyessi dinagdee mandhalee Itiyoophiyaan hojiirra oole jijjiirama mul’atu hedduu galmeessisaa jira. Haala Kanaan utubaawwan dingdee ijoo shan adda baafaman keessaa dameen turizimii isa tokkodha. Haala Kanaan bakkeewwan turizimii Finfinneetti paarkii tokkummaa, michoomaa fi Inxooxxoo akkasumas naannolee garagaraatti Wancii, Gorgoraa, Cabaraa Curcuraa fi Koyishaa kan fakkaatan misoomuun tajaajilaaf oolaniiru. Haroon Nigaat hidha haaromsaan dhugoomee fi Baaleetti holqa Soof Umar dabalatee qabeenyi bakkeewwan garagaraatti dhokatanii turan akka misooman gochuurratti argama. Dhaabbileen daawwachiiftotaa TOI’’n dhimma kanarratti dubbise akka jedhanitti, ijaarsi bu’ura misoomaa damee Kanaan raawwatamaa jiru guddina turizimii fi qooda fudhattootaaf carraa guddaa fidanii dhufuusaanii dubbataniiru. Misoomni turizimii dhaabbilee daawwachiiftotaa dadammaqsuurra darbee baay’inni daawwachiiftotaa akka dabalu gochuusaa dubbataniiru. Pirezidaantiin waldaa ogeeyyota daawwachiiftota turistii Itiyoophiyaa obbo Ashannaafii Silashii bu’uraaleen misoomaa ijaaraman daawwattoonni filmaata addaddaa fayyadamuun bakka barbaadan akka daawwatanii fi galii damicharraa argamu akka dabalu gochuu eeraniiru. Bakkeewwan turizimii haaraan ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin saaqaman hawattoota turizimii biyyattiitti argaman bal’inaan beeksisuuf carraa kan uumu ta’uu dubbataniiiru. Itti aanaan pirezidaantii waldaa dhaabbilee daawwachiiftotaa Itiyoophiyaa guddichaa obbo Inquu Mulugeetaa gamasaaniin, bu’urri misoomaa Turizimii babal’achuunsaa baay’inni turizimii akka dabalu gochuun alatti ogeeyyota damichaaf humna dabalataa uumuusaa ibsaniiru. Abbaan qabeenya Eden Laandi tuur endi tiraavil obbo Indaalkaachoo Yemirruu, xiyyeeffannoon damee turizimiif kenname bakkeewwan turizimii filannoof ta’u akka babal’atu carraa uumuusaa dubbataniiru.
Industirichi Omishoota dorgomaa ta’an Omishuun fedhii bittaa Mootummaa guutuuf carraa uumeera
Oct 27, 2025 77
Onkoloolessa17/2018(TOI)-Industirichi oomishaalee qulqullinaa fi omishaan dorgomaa ta’e omishuun carraan fedhii bittaa Mootummaa guutuuf itti danda’u uumamuusaa Ministirri Industiri Malaakuu Allebal ibsan. Sirni bittaa ammayyaa abbaa taayitaa Bittaa fi Qabeenyaa Mootummaan diriirfame haala m Industirichi Omishoota dorgomaa ta’an Omishuun fedhii bittaa Mootummaa guutuuf carraa uumeera ijataa damee oomishtootaaf uume ilaalchisuun damicharratti kan hojjetaniif ibsi taasifamaa jira. Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Industuirii Malaakuu Allebal dameeleen haala mijataa fooyya’insa Diinagdee Mandhaleen uumamaniif keessaa tokko Industirii omishaa ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Omishaa fi Omishtummaa damee Industirii guddisuuf fooyuya’insa seeraa fi hoj-mataa taasisuurra darbee walitti hidhaminsa gabaa guddisuuf hojii dabalataa hojjechaa jira jedhaniiru. Haala Kanaan qajeelfamni bittaa Mootummaa amma hojiirra jiru omishtummaa biyya keessa kan jajjabeessuu fi omisha alaa galu bakka buusuuf tattaaffii taassifamuu kan deeggaru ta’uu kaasaniiru. Mootummaan Idustirii omishaa deeggaruuf bittaa biyya keessaa bal’inaan fayyadamaa jiraatus qajeelfamaa fi hoj-maata bittaa sirnaan fayyadamuu dhabuun akka jiru hubachiisaniiru. Haa ta’u malee Industiriin Omishaa gabaa biyya keessaarra darbee carraa omishoota gabaa biyya alaaf dhiheessuusaanii sirnaan akka fayyadamaniif Ministirichi waamicha dhiheessaniiru. Omishtoonni Sirna gurgurtaa fayyadamuun carraa gabaasaanii akka babal’isan hubachiisaniiru. Daarektarri olaanaan Abbaa taayittaa Bittaa fi qabeenya Mootummaa Masarat Baqqalaa sirna bittaa keessatti Inisustirii omishaaf haala mijataa uumame ilaalchisuun ibsa taassisaniiru. Wayita kana Mootummaan omishaa fi omishtummaa Industiriiwwan omishaa guddisuu fi walitti hidhaminsa gabaa guddisuu fi qajeelfama bittaa mijataa baasuusaa dubbataniiru. Keessumaa sirni bittaa Elektirooniksii si’ataa fi Ariifataa ta’uusaa eeruun, dhaabbileen Mootummaa omishawwan qulqullina qaban dhiheessitoota biyya keessaarraa akka argatan taasisaa jira jedhaniiru. Qajeelfamni bittaa Mootummaa adeemsa Caalbasii ifa ta’e hordofuurraa eegalee Industiriiwwan omishaa kan dadammaqsu ta’uu eeruun omishtoonni waa’ee labsii fi qajeelfama bittaa hubannaa qaban caalaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa sirna federaalaa hammataa fi hirmaachisaa cimsuuf gargaaraa jira
Oct 27, 2025 99
Onkoloolessa 17/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa sirna federaalaa hammataa fi hirmaachisaa cimsuuf gargaaraa akka jiru jiddu galli federaalizimii fi barsiisa Heera Mootummaa ibse. Ayyaana guyyaa sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa baranaa naannoo jiddu galeessa Itiyoophiyaatti kabajamu ilaalchisuun waltajjiin marii sanadoota kanaaf qophaa’an irratti xiyyeeffatee fi qooda fudhattoonni naannolee fi bulchiinsa magaalotaa irratti hirmaatan magaalaa Adaamaatti geeffamaa jira.   Daarektarri olaanaa jiddu gala Federaalizimii fi barsiisa heera mootummaa Dr Hayilayasuusa Taayyee TOI waliin gaaffii fi deebii taasisaniin akka jedhanitti, Saboonni, sab-lammoonnii fi Ummattoonni aadaa fi eenyummaasaanii haala fooyyee qabuun ibsachaa fi beeksifachaa jiru. Waltajjiiwwan beeksifachuuf gargaaran keessaa guyyaan saboota, sab-lammootaa fi ummattootaa tokko ta’uu eeranii, guyyaan kun kabajamuunsaa tokkummaa sab-daneessummaa fi walitti hidhamiinsa caalaa cimsaa akka jiru dubbataniiru. Guyyaan kun kabajamuunsaa Saboonni, sab-lammoonnii fi Ummattoonni aadaa fi eenyummaasaanii adda babayiitti akka beeksifatan gochuun sirna Federaalizimii hammataa fi hirmaachisaa cimsuuf gargaaraa jira jedhaniiru. Haala Kanaan barsiisa federaalizimii fi heera mootummaa ilaalchisee hubannoo guddisuun tokkummaa cimsuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Jijjiiramaan asitti hammattummaa fi madaallii sirna federaalizimii eeguuf hojiileen bu’a qabeessi hojjetamuu dubbataniiru. Naannoleen deeggartoota jedhamuun waamamaa turan jijjiiramaan asitti akkuma naannolee biroo gara murtee kennuutti dhufuusaanii dubbatanii, kunis sirni federaalizimii akka cimu gumaacha olaanaa baheera jedhaniiru.   Hoogganaan waajjira mana maree Federeeshinii Tigluu Mallasaa gamasaaniin, guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa ummanni Federaalizimii fi heera mootummaa ilaalchisuun hubannoonsaa akka cimu gumaacha guddaa taasisaa akka jiru dubbataniiru.   Yuunivarsiitii Gaambeellaatti barsiisaan saayinsii siyaasaa fi Federaalizimii Lul Deevid, jijjiiramaan asitti sirni federaalizimii madaalawaa fi hammataa ta’aa dhufuusaa wantoonni agarsiisan hedduun akka jiran eeraniiru. Guyyaa sabootaa, sab-lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa baranaa ilaalchisuun waltajjiin dhaabbilee barnootaa olaanoof qophaa’e gaggeeffamuunsaa ni yaadatama.
Hawaasni Daldalaa carraa Daldala Bilisaa Ardiin Afriikaa Uumetti  sirnaan fayyadamuuf  qophaa’uu qaba – Ministeericha
Oct 27, 2025 43
Onkoloolessa 17/2018(TOI)- Hawaasni Daldalaa carraa Daldala Bilisaa Ardiin Afriikaa Uumetti sirnaan fayyadamuuf qophaa’uu akka qabu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Riijinii hubachiise. Carraa Daldala Bilisaa Ardii Afriikaan argame duguuganii itti fayyadamuuf dameen daldala alergii bu’aa fooyya’aa akka galmeessisu gochuun akka barbaachisu ministeerichi ibseera. Ministeerichatti Qindeessaan deeskii daldala bilisaa Ardii Afriikaa Saamu’eel Gizaaw TOI’f akka ibsanitti, Daldalli bilisaa Ardii Afriikaa hojii qabatamaatti galameera. Gabaan kun akkaataa baay’ina ummataa Afriikaa jiruu fi haala Omisha waggaa (GDP)tiin carraa gabaa fidee kan dhufe waan ta’eef Hawaasni Daldalaa fi qooda fudhattoonni biroon bal’inaan fayyadamuu qabu jedhaniiru. Gabaan kun irra caalaan taarifa hir’isuurra darbee hojmaatawwan rakkisoo ta’an kan hanbisan waan ta’aniif gabaan dorgomaa akka ta’u kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Gurgurtichi sochii daldala alaa saffisa guddaan kanguddisu waan ta’eef Mootummaan haalaa mijaataa uumuusaa dubbataniru. Hawaasni daldalaa carraa gabaa daldala bilisaa Ardii Afriikaan uumame sababeeffachuun duguugee fayyadamuuf qophii taassisuu akka qabu hubachiisaniiru. Walii galteen hojii Daldala bilisaa Ardii Afriikaa hojiirra ooluunsaa biyyoota gahumsaa babal’isuuf qooda olaanaa qabaachuu Lammiileen daldala Al-Ergiirratti bobba’an dubbataniiru. Walii galtichii Omishawwan gara gabaa biyyoota Afriikaaf erguu fi dandeettii dorgommii guddisuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Dura taa’aan Waldaan omishtootaa fi ergitoota Foonii Itiyoophiyaaa Kaliifaa Husann TOI’f akka ibsanitti, Daldalli Bilisaa Ardii eegaluun Afriikaatti Carraa gabaa guddaa argachuuf kan dandeessisudha. Adeemsa hanga ammaa jiruun foon Itiyoophiyaarraa kan ergamu hedduumminaan gara biyyoota fagoo baha gidduu galeessaatti yoo ta’u, walii galtichi mallattaa’uun irra caalaatti kana akka guddisu eeraniiru. Fedhiin omisha foonii guddaan biyyoota Afriikaatti jirachuu kan ibsan dura taa’aan boordii kun Al-Ergitoota Jajjabeessuurra darbee fayyadamummaa biyyaa akka guddisu ibsaniiru. Keessumaa Biiyyoota Afriikaa daandiin Qilleensa Itiyophiyaa gahutti caalaatti walitti dhufeenya daldalaa taasisuuf ni gargaara jedhaniiru. Keessumaa taarifaan wal qabatee dorgomaa ta’uuf rakkoowwan isaan mudachaa turan hanbisuuf carraaqabatee dhufuusaa ibsaniiru. Daarektarri olaanaan waldaa Omishtootaa fi ergitootaa Abaaboo fi biqiltuu Itiyoophiyaa Teewoodiroos Zaawudee gama saanin, walii galteen Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa hojiirra ooluun bakkeewwaa gahumsa daldala alaa babal’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Kunis Itiyoophiyaan Omishashee hedduumminaan Alatti erguun Dinagdeeshee guddisuuf kan ishee gargaaru ta’uu eeraniiru. Irra caalaa damee hortiikaalchariif carraa guddaa qabatee kan dhufe ta’uusaa ibsaniiru. Daldalli Bilisaa Ardii Afriikaa Fulbaana 28 bara 2018 eegaluunsaa ni yaadatama.
Kan mul'ate

Misoomni Koriidaraa Fayyadamummaa Lammiilee Mirkaneessuun milkaa’inni Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf bu’uura kaa’u kan itti galmaa’edha
Oct 27, 2025 49
Onkoloolessa17/2018(TOI)-Misoomni koriideraa Magaalaa Finfinnee Fayyadamummaa lammiilee Mirkaneessuun milkaa’inni Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf bu’uura kaa’u kan itti galmaa’e ta’uu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Magaalaa Finfinnee akka maqaashee Miidhagduu gochuuf hojii misooma koriidaraa eegalaman irratti qaamolee hirmaataniif sagantaan galateeffannaa gaggeeffameera.   Adda baabaayii Masqalaatii Magganaanyaa saawuzgeet, boolee vi ayipii Gooroo gidduugala konveenshinii Idil-Addunyaa Addis, Gooroo Anbassaa Gaaraajii fi Saarbeet Addabaabaayii Jarman, Haayilee Gaarmentii hanga furiitti hojiin dinqisiisaan akka raawwatamuu jiraattota magaalichaa taassisaan,Injiinaroota, Gorsitoota, Hoggantoota hojii Mootummaa fi ogeeyyiin galateeffamaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, Qaamolee Misoomaa fi Miidhagina Magaalittiirratti hirmaatan hundaa galateeffataniiru. Bu’aawwan Misoma koriidaraa Magaalaa Finfinneetti galmaa’an fakkeenyummaa badhaadhina Magaalummaashee haala guutuu ta’een hojjetamuuf humna dandeessisu ijaaruusheef agarsiistuu ta’uu ibsaniiru. Misoomni koriidara fayyadamummaa lammiilee mirkneessuunbadhaadhina biyyaaf milkaa’inni bu’uura kaa’u kan itti galmaa’e ta’uu kaasaniiru. Milkaa’ina kanaaf immoo Maallaqa caalaa ummataa fi biyyasaanii misoomsuun dursanii hojicha saffisaa fi qulqullinaan akka hojjetamuuf kontiraaktaroota, gorsitoota, kutaa hawaasa adda addaa fi tola ooltotaaf galanni ni malaaf jedhaniiru. Itiyoophiyaa misoomsuun gara badhaadhina barbaadamutti ceessisuuf tumsi bu’uura guddaa ta’uu ibsuun, wal tumsuu fi waliif yaaduun mul’ata badhaadhina eegalamee dhugoomsuu dandeessisa jedhaniiru. Bal’ina magaalaa Finfinnee fi hanga ishee madaaluun tumsichi kanaa ol cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Bifa Magaalaa Finfinnee jijiiruuf hiika guddaa akka qabu eeruun Magaalittiin Agarsiistuu Itiyoophiyaa, safartuu fi calaqqee ta’uushee argisiisa jedhaniiru.   Misoomni Koriidaraa Magaalittii hojiiwwan naannoolee birootti eegalamaniif muuxannoo akka ta’u eeruun, milka’inichi baraa baratti dhalootatti kan darbu ta’uusaa ibsaniiru. Misoomni koriidraa lammiilee hedduu fi waldaaleef carraa hojii kan uumee, bakka bashannanaa guddaa kan ta’ee fi Magaalaa Finfinnee Magaala miidhagduu ta’uushee qabatamaan kan argisiisedha jechuun dubbataniiru.
Maddi anniisaa Koyishaa anniisaa walii gala Itiyoophiyaa irratti jijjiirama qabatamaa kan fidudha
Oct 27, 2025 73
Onkoloolessa 17/2018(TOI)-Maddi Anniisaa Koyishaa meeggaa waattii 1800 maddisiisuuf humna kan qabu fedhii anniisaa walii gala Itiyoophiyaa irratti jijiirama hiika qabu kan fidu ta’uu wajjiri Ministira Muummee ibse. Pirojektichi fedhii Annisaa Itiyoophiyaatti dabalaa dhufe deebii kennuuf haala dandeessisuun waggaatti humna ibsaa giiggaa waattii 6,344 maddisiisa jechuun beeksisaniiru. Waajjirichi ergaa Fuula miidiyaa hawaasaan dabarseen Pirojektichi Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaatti Suluula Laga Oomoo gara gadiitti Madda Annisaa Gibee 3ffaa irraa fageenya KM 129 fageenya dhihoo mandara koyishaatti argama jedhaniiru. Maddi Anniisa Kooyishaa Annisaa Meeggaa waattii 1800 maddisiisuu danda’u annisaa Itiyoophiyaarratti jijiirama hiika qabu fida jechuun ibsaniiru. Pirojektiin madda Aannisaa Koyishaa Babal’ina madda aannisaarra darbee Anisaa qulqulluu, Amansiisaa fi Annisaa humna fayyadamtoota tilmaama keessa galche dhiheessu, fedhii guddaa Itiyoophiyaan Afriikaa Bahaatti jiddugala daldala alaa elektiriikii ta’uuf qabdu milkeessuuf kan deeggarudha jedheera. Biyya keessatti dhiheessii elektiriikaa baadiya haala deeggaruun mana jireenyaa fi hojii daldala gidduugaleessaatti dhiheessii elektiriikaa guddisa jedheera. Kunis jireenya Hawaasummaa fi diinagdee kan dadammaksu, haala jireenyaa fooyy’aa kan uumu akkasumas hawaasa naannichaa guddina fulla’aa akka deeggaru ni eeggama jechuun beeksiseera.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa sirna federaalaa hammataa fi hirmaachisaa cimsuuf gargaaraa jira
Oct 27, 2025 99
Onkoloolessa 17/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa sirna federaalaa hammataa fi hirmaachisaa cimsuuf gargaaraa akka jiru jiddu galli federaalizimii fi barsiisa Heera Mootummaa ibse. Ayyaana guyyaa sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa baranaa naannoo jiddu galeessa Itiyoophiyaatti kabajamu ilaalchisuun waltajjiin marii sanadoota kanaaf qophaa’an irratti xiyyeeffatee fi qooda fudhattoonni naannolee fi bulchiinsa magaalotaa irratti hirmaatan magaalaa Adaamaatti geeffamaa jira.   Daarektarri olaanaa jiddu gala Federaalizimii fi barsiisa heera mootummaa Dr Hayilayasuusa Taayyee TOI waliin gaaffii fi deebii taasisaniin akka jedhanitti, Saboonni, sab-lammoonnii fi Ummattoonni aadaa fi eenyummaasaanii haala fooyyee qabuun ibsachaa fi beeksifachaa jiru. Waltajjiiwwan beeksifachuuf gargaaran keessaa guyyaan saboota, sab-lammootaa fi ummattootaa tokko ta’uu eeranii, guyyaan kun kabajamuunsaa tokkummaa sab-daneessummaa fi walitti hidhamiinsa caalaa cimsaa akka jiru dubbataniiru. Guyyaan kun kabajamuunsaa Saboonni, sab-lammoonnii fi Ummattoonni aadaa fi eenyummaasaanii adda babayiitti akka beeksifatan gochuun sirna Federaalizimii hammataa fi hirmaachisaa cimsuuf gargaaraa jira jedhaniiru. Haala Kanaan barsiisa federaalizimii fi heera mootummaa ilaalchisee hubannoo guddisuun tokkummaa cimsuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Jijjiiramaan asitti hammattummaa fi madaallii sirna federaalizimii eeguuf hojiileen bu’a qabeessi hojjetamuu dubbataniiru. Naannoleen deeggartoota jedhamuun waamamaa turan jijjiiramaan asitti akkuma naannolee biroo gara murtee kennuutti dhufuusaanii dubbatanii, kunis sirni federaalizimii akka cimu gumaacha olaanaa baheera jedhaniiru.   Hoogganaan waajjira mana maree Federeeshinii Tigluu Mallasaa gamasaaniin, guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa ummanni Federaalizimii fi heera mootummaa ilaalchisuun hubannoonsaa akka cimu gumaacha guddaa taasisaa akka jiru dubbataniiru.   Yuunivarsiitii Gaambeellaatti barsiisaan saayinsii siyaasaa fi Federaalizimii Lul Deevid, jijjiiramaan asitti sirni federaalizimii madaalawaa fi hammataa ta’aa dhufuusaa wantoonni agarsiisan hedduun akka jiran eeraniiru. Guyyaa sabootaa, sab-lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa baranaa ilaalchisuun waltajjiin dhaabbilee barnootaa olaanoof qophaa’e gaggeeffamuunsaa ni yaadatama.
Qaama kamiyyuu kabajaa fi  Birmadummaa Itiyoophiyaa sarbuuf dhufuuf Raayyaan Obsa hin qabu- Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa
Oct 25, 2025 303
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Kabajaa fi Birmadummaa Itiyoophiyaa sarbuuf Qaama dhufu kamiifiyyuu Raayyaan Obsa hin qabu jechuun ibsan Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajaajaa Olaanaa izzii duulota addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa. Mataduree “ biyya hin sarbamne raayyaa hin raafamne” jedhuun guyyaan raayyaa ittisa 118ffaan Magaalaa Dabra Biraanitti miseensonni raayyaa fi qondaaltonni olaanoonii fi keessummoonni waamichi taassifameef bakka argamanitti kabajameera. Saganticharratti kan argaman Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajaajaa Olaanaa izzii duulota addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, Diinonni Itiyoophiyaa fi baandaawwan yeroo ammaa kallattii adda addaan Itiyoophiyaa qoruuf tattaafachaa jiru jedhaniiru. Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa durii hanga har’aatti gootummaa ijoolleesheen kabajamee kan turte ta’uushee kaasuun, yeroo ammaa raayya cimaa kabajaa fi birmadummaasheef dhaabatu ijaaramuu dubbataniiru. Raayyaan ittisa biyyaa kan Itiyophiyaanonni itti boonanii fi dahannoo ta’uu ibsuun, kabaja biyyaa fi Alaabaaf jedhee goota duubatti hin deebine, cimaa fi teekinoolojii ammayyaan kan deeggaramu jiraachuu dubbataniiru. Haata’u malee kabajaa fi birmadunmmaa Itiyoophiyaa sarbuuf qaama dhufu kamifiyyuu obsa hin qabu jedhaniiru. Naannoo Ammaaraatti Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Makaashaa Alamaayyoo akka jedhanitti, gootummaa fi gahumsa raayyaa keenyaa Itiyoophiyaarra darbee biyyoota birootiin kan mirkanaa’eef ta’uu fi gita Kanaan kabaja fi beekmtii kennuufii qabna jedhaniiru. Dursaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dabra Biraan Baddiluu wubisheet gamasaaniin, raayyaa sab-daneessaa cimaa Itiyoophiyaa fakkaatu ijaaramuunsaa hunda keeny boonseera jedhaniiru.
Nageenyi Godina Gujiitti bu’e sochii Hawaasummaa fi Diinagdee saffisiisuuf gargaareera -Abbaa Gadaa Gujii fi Jaarsolii biyyaa
Oct 24, 2025 357
Onkoloolessa 14/2018(TOI)- Nageenyi Godina Gujiitti bu’e sochii Hawaasummaa fi Diinagdee akka saffisiise Abbaan Gadaa Gujii fi Jaarsolii biyyaa ibsan. Godinichatti qaamoleen hidhatan filannoo nageenyaa fudhatanii leenjii haaromsaa xumuranii gara hawasaatti makamuun saanii ibsameera. Abbaan Gadaa Gujii Hokkuu Gannaalee Aagaa qabeenya uumamaa naannicha jiran misoomsuun faayidaamuu fi sochii Diinagdee saffisiisuuf wal-dhabdeewwan mariin furuu qabna jedhaniiru. Beekaas ta’e osoo hin beekiin obbolaawwan karaa dogongoraa hordofan waamicha nagaa Mootummaa fudhatanii gara jireenya nagaatti akka dhufaniif motummaan tattaaffii guddaa taassisaa turuu yaadataniiru. Kanaanis hidhattoonni hedduun naannichatti waamicha nagaa mootummaa fudhatanii hojjetanii jijiiramuuf gara hawaasaatti makamuusaanii ibsaniiru. Kunis nageenya naannichaa Cimsuun sochiin Hawaasummaa fi Diinagdee akka saffisuuf gumaacha taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Abbaan Gadaa Gujii Uddeessa Aagaa gamasaaniin, haaloo dhiisnee waldanda’uu fi walgargaaruun nageenya fi misooman biyyaaf waliin dhabbannee hojjechuu qabna jedhaniiru. Kanaafis naannoosaaniitti hawaasa gatii nagaa barsiisuu fi qaamoleen hidhatanis daandii nagaa filatanii lammiisaanii misoomaan akka kiisaniif qoodasanii bahaa jiraachuu ibsaniiru. Qaamolee nageenyaa mootummaa fi hirmaannaa hawaasan nagaa fi tas-gabbiin cimaa waan dhufeef sochiin Hawaasummaa fi Diinagdee naannichaa saffisaa dhufuusaa kaasaniiru. Waamicha nagaa mootummaa fi Gorsa Abbootii fudhatanii Hidhattoota gara Hawaasatti makamaniif galanni isaaniif mala jedhaniiru. Kan biroon Abbaa Gadaa fi Jaarsi biyyaa Annoolee Noottoo naannichatti nageenyi waaraan akka bu’uu fi misoomni akka saffisuuf qoodasaanii bahaa jiraachuu dubbataniiru. Hawaasa naannichaa barbaachisummaa nageenyaa fi rakkoowwan mariin furuurratti barsiisuurraa eegalee nageenya fulla’aaf mootummaa waliin walitti dhiheenyaaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Godinichaa obbo Boggee Taaffasaa gamasaaniin, Mootummaan waldhabbiiwwan mariin akka furamaniif waamicha nagaa deddeebi’ee taassisaa turuusaa fi har’as ittii fufuu yaadachiisaniiru. Kana cinaatti Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni Godinichaa kan hirmaachise waamichi nagaa taasifamaa turuu dubbataniiru. Kaanis hidhattoonni 200 olii fi hoggantoonni isaanii sagal waamicha nagaa mootummaan taasise fudhachuun leenjii haaromsaa fudhatanii gara hawaaaatti makamuusaanii ibsaniiru. Yeroo dhihoos hidhattoonni biroon waamicha nagaa fudhatanii hawaasa miidhan kiisuuf leenjii haaromsaa fudhachaa jirachuusaanii dubbataniiru. Yeroo ammaa Godinichatti nagaa fi tasggabbiin waan uumameef misoomni hunda galeessii fi sochiin hawaasummaa saffisaa jiraachuu dubbataniiru.

Hawaasummaa
Jiddu galli oksijiinii oomishu dhaabbilee wal’aansaa naannawichaaf oksijinii dhiheessuun qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessaa jira
Oct 27, 2025 40
Onkoloolessa 17/2018(TOI)- Jiddu galli oksijiinii oomishu jiddu gala Wal’aansaa Yuunivarsiitii Jimmaatti ijaarame dhaabbilee wal’aansaa naannawichaaf oksijinii dhiheessuun qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessaa irratti gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru darektarri olaanaa Hoospitaala Ispeeshaalaayizdii walii galaa Yuunivarsiitii Jimmaa fi inistiitiyuutii fayyaa Piroofeesar Ahimad Zayinuddiin ibsan. Jiddu galli oksijinii oomishu jiddu gala wal’aansaa Yuunivarsiitii Jimmaatti haaraa ijaarame hojiitti galuun oksijiinii dhiheessuu eegaleera. Piroofeesar Ahimad Zayinuddiin TOI’tti akka himanitti, Oksijijiin michii sombaa cimaaf, kutaa dhukkubsattoota dhibeen itti caalleef(ICU), daa’imman rakkoo qaama argansuu qabaniif fi yeroo baqaqsanii hodhuutti wal’aansa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Jimmaa yeroo wal’aansi taasifamu hanqinaa fi addaan cituu dhiheessii Oksijinii mudatuu fi dhukkubsattoota miidhaa olaanaa akkasumas du’aaf akka saaxilu dubbataniiru. Hoospitaalichi dhiheessitoota biyya alaa fi amma Finfinneetti maxxantummaa keessa turuusaa yaadachiisanii, jiddu galli oksijinii addaan ciccituu fi boodatti harkifannaa dhiheessii oolcheera jedhaniiru. Jiddu galli Oksijinii kun dandeettii jiddu gala wal’aansaa Yuunivarsiitichaa akka guddisu ibsanii, fooyya’insa damee fayyaa Itiyoophiyaaf qooda gaarii akka qabaatu dubbataniiru. Jiddu galli wal’aansaa Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaatti oksijiinii siliindara 100 ta’u akka isa barbaachisu eeruun, jiddu galichi guyyaatti siliindarii 200 Kan ta’u oomishuun dhaabbilee fayyaa biroof kan dhiheessu ta’a jedhaniiru. Jiddu galli Oksijinii kun qajeelfama “ rakkoo ofii, ofiin furuu” jedhuun baasii Yuunivarsiitichaa hir’isuuf akka gargaare dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan hawata Turiizimii misoomsuu fi beeksisuurra darbee   madda galii dhaabbataa taassissuuf cimanii itti fufaniiru.
Oct 24, 2025 235
Onkoloolessa14/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan hawata Turiizimii misoomsuu fi beeksisuurra darbee madda galii dhaabbataa taassissuuf hojiileen hojjetaman cimanii itti fufuusaanii Biiroon Aadaa fi Turizimii Naannichaa beeksise. Biirichatti Daarekterri misooma Tuurizimii fi Piromooshinii Fantaahun Taaddasaa TOI’f akka dubbatanitti waggoottan jijiiramaa asitti naannichatti bakkeewwan Tuuristii babal’isuuf hojiin qabeenya Tuurizimii adda baasuu, misoomsuu fi beeksisuu bal’inaan hojjetamaa jira. Kanaanis naannichatti toora Tuurizimii adda baasuun haala qabiyyee fiakaakuu isaaniin hawaasaa naannoo fi qooda fudhattoota hirmaachisuun hojiiwwan raawwataman jiraachuusaanii ibsaniiru. Sochii taasifameenis misoomicha saffisiisuun olitti turtiinTuuristotaa akka dheeratu taassisuuf bu’aan guddaan argamaa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa 2017/18tti tokkoo tokkoo Aanaatti bakka turizimii tokko tokko adda baasuun haala Innisheetifichaan misoomaa jiraachuu kaasuun kanaanis bu’aan fooya’aan argamuu kaasaniiru. Damicha guddisuun madda galii dhaabbataa taassisuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu eeruun uummanni kaka’umsa mataasan hojjechaa akka jiru eeraniiru. Damichi misooma babal’isuurra darbee lammiilee hedduu fayyadamoo carraa hojii taassisuun madda galii dhaabbataa akka qabaataniif hojjetamaa jira jedhaniiru. Haroo danbal, Abijaattaa shaalaa, bakka bashannanaa Laangaanoo misoomsuurra darbee beeksisuurratti hojiin bal’aan hojjetamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Iluu Abbaaboorii fi naannoosheetti waggoottan lamaan darban qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojii hojjetameen bu’uuraaleen misoomaa Fincaa’aa Soor guutamanii tajaajila kennaa jiraachuu eeraniiru. Hojii misooma babal’isuun Hawaasni naannichaa Dinagdeen fayyadamoo ta’uurra darbee jireenya hasaasummaaf qooda guddaa gumaachaa jira jedhaniiru. Fuuldurattis damicha cimsuun bu’aa fooyya’aa fiduuf qindoominaan akka hojjetan dubbataniiru. Deeggarsa Mootummaa Federaalaan kan misoomaan Haroo Wancii, Gaarreen Baalee dabalatee Holqi Soof Umar bakkeewwan Turizimii damee Tuurizimii Naannichaaf humna guddaa dabaluusaanii Daarekteerichi ibnsaniiru.          
Yaa’ichi murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darbanidha-Dr. Darajjee Dhugumaa
Oct 23, 2025 269
Onkoloolessa 13/2018(TOI)-Yaa’iin waggaa 27ffaa damee fayyaa murteewwan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa caalaatti bal’isuu dandeessisan kan irratti darban ta’uu de’eetaan ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa ibsan. De’eetaawwan ministira fayyaa, Biiroon fayyaa naannoo fi hooggantoonni olaanoon yaa’icha ilaalchisuun gareen mari’achaa jiru. De’eetaan ministira fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa ibsa kennaniin akka dubbatanitti, yaa’iin kun mata duree “Invastimantii fi Innoveeshiniin egeree sirna fayyaa cimaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojiiwwan ciccimoo waggoottan darban argaman bal’isuu fi itti fufsiisuu akkasumas rakkoolee xiqqeessuun haala danda’amurratti mariin taasifamuu eeraniiru. Dhimmoota kenniinsa fayyaa fooyyessanirratti muuxannoo walii qooduunii fi mareen gaggeeffamuu eeraniiru. Doktar Darajjeen Itti dabaluun, invastimantiiwwan fayyaan lammiilee akka fooyya’u gargaaran maallaqa kennuurratti haala dandeessisan irratti murtoon ni darbu jedhaniiru. Tumsa mootummaa fi dhuunfaa cimsuun dhimma yaa’ichaa isa murteessaa ta’uu dubbatanii, qaqqabummaa tajaajila fayyaa damee dhuunfaa hojiileen garagaraa hojjetamaa akka jiran eeraniiru. Murteewwan sirna faayinaansii damee fayyaan jiru fooyyessuu gargaaran yaa’ii Kanaan akka darban ibsaniiru. Murtoowwan qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf, kenniinsa tajaajila dijitaalaa bal’isuu fi sirna fayyaa Invasumantii fi Innoveeshinii biyyaalessaa egereen deeggaruun akka darban dubbataniiru.
Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob lammiileef  hojmaata  si’ataa, baasii kan qusatuu fi  hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumudha – Buchlituu Alamituu Umood
Oct 22, 2025 331
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood ibsan. Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo naannoo Gambeellaa qoddaltonni olaanoon federalaa fi nannoo bakka argamanitti har’a eegaleera. Wayita kana bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood akka dubbatanitti , misoomaa fi guddina naanichatti karoorfame saffisiisuun tajaajila hawaasaaf kennamu si’ataa fi ammayyaa’aa taassisuun barbaachisaadha. Tajaajila dhaabbilee gidduugala tokkotti kennuuf kan dandeessisu Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo immoo deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatu diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Imala dijiitaala Itiyoophiyaaf qooda olaanaa akka qabaatu ibsuun malaammaltummaa fi hojmaata badaa hanbisuurratti faayidaa guddaa waan qabuuf milkaa’inasaaf xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru. Saganticharrtti kan argaman Komishineerri Komishinii Sivilsarbvisii Dr.Makuriyaa Haayilee milkaa’inni misoomaa akka biyyaatti argame caalmaatti cimsuun itti fufsiisuuf dandeettii keenya tajaajiloota namarratti xiyyeefatan guddisuu qabna jedhaniiru. Ijaarsi Hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddicha, gidduugalaawwan hawwata Turiizimii, Misoomni koriidaraa magaalotaa, sagantaa Maaddii guutuu fi milka’inoonni misoomaa biroon ibsituuwwan Bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Dhiheessii Kenna tajaajila gaariitiin jijiirama bu’uuraa galmeesisuun qormaata ta’ee turuu kaasuun, masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo hojiirra oolchuun dandeetti tajaajiloota hawasarratti xiyyeefatanii hojjechuun lammiileef tajaajila si’ataa fi ammayyaa kennuun eegalameera. Kanaaf Imala badhaadhimaa akka biyyaatti qabame dhugaamsuuf tajaajila lammiileef kennamu ammayeessuun dhimma yeroon gaafatu ta’uu komishinarichi dubbataniiru. Naannichatti tajaajilli hawaasaaf kennamu hojiin Ammayyeessuu cimee itti fufa kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Biiroo Pabilik sarvisii fi misoona namaa naannichaa Laakider laakiibaak dha. Sadarkaa naannootti masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo eegalame bulchiinsa magaalaa gambeellaattii fi caasaalee godinaattis hojiin babal’isuu cimee itti fufa jedhaniiru. Sadarkaa naannootti har’a kan eegale Masoob tajaajila wiirtuu tokko dhaabbileen 8 dameelee 29n ta’uu saganticharraa hubatamuun danda’ameera
Diinagdee
Bakkeewwan turizimii haaraan guddina damichaaf carraa dabalataa fqabatanii dhufaniiru
Oct 27, 2025 53
Onkoloolessa 17/2018(TOI)-Bakkeewwan turizimii Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin saaqamanii mul’atan haaraa guddina damichaaf carraa dabalataa fidanii dhufuusaanii dhaabbileen daawwachiiftotaa TOI’n dubbise dubbatan. Fooyyessi dinagdee mandhalee Itiyoophiyaan hojiirra oole jijjiirama mul’atu hedduu galmeessisaa jira. Haala Kanaan utubaawwan dingdee ijoo shan adda baafaman keessaa dameen turizimii isa tokkodha. Haala Kanaan bakkeewwan turizimii Finfinneetti paarkii tokkummaa, michoomaa fi Inxooxxoo akkasumas naannolee garagaraatti Wancii, Gorgoraa, Cabaraa Curcuraa fi Koyishaa kan fakkaatan misoomuun tajaajilaaf oolaniiru. Haroon Nigaat hidha haaromsaan dhugoomee fi Baaleetti holqa Soof Umar dabalatee qabeenyi bakkeewwan garagaraatti dhokatanii turan akka misooman gochuurratti argama. Dhaabbileen daawwachiiftotaa TOI’’n dhimma kanarratti dubbise akka jedhanitti, ijaarsi bu’ura misoomaa damee Kanaan raawwatamaa jiru guddina turizimii fi qooda fudhattootaaf carraa guddaa fidanii dhufuusaanii dubbataniiru. Misoomni turizimii dhaabbilee daawwachiiftotaa dadammaqsuurra darbee baay’inni daawwachiiftotaa akka dabalu gochuusaa dubbataniiru. Pirezidaantiin waldaa ogeeyyota daawwachiiftota turistii Itiyoophiyaa obbo Ashannaafii Silashii bu’uraaleen misoomaa ijaaraman daawwattoonni filmaata addaddaa fayyadamuun bakka barbaadan akka daawwatanii fi galii damicharraa argamu akka dabalu gochuu eeraniiru. Bakkeewwan turizimii haaraan ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin saaqaman hawattoota turizimii biyyattiitti argaman bal’inaan beeksisuuf carraa kan uumu ta’uu dubbataniiiru. Itti aanaan pirezidaantii waldaa dhaabbilee daawwachiiftotaa Itiyoophiyaa guddichaa obbo Inquu Mulugeetaa gamasaaniin, bu’urri misoomaa Turizimii babal’achuunsaa baay’inni turizimii akka dabalu gochuun alatti ogeeyyota damichaaf humna dabalataa uumuusaa ibsaniiru. Abbaan qabeenya Eden Laandi tuur endi tiraavil obbo Indaalkaachoo Yemirruu, xiyyeeffannoon damee turizimiif kenname bakkeewwan turizimii filannoof ta’u akka babal’atu carraa uumuusaa dubbataniiru.
Industirichi Omishoota dorgomaa ta’an Omishuun fedhii bittaa Mootummaa guutuuf carraa uumeera
Oct 27, 2025 77
Onkoloolessa17/2018(TOI)-Industirichi oomishaalee qulqullinaa fi omishaan dorgomaa ta’e omishuun carraan fedhii bittaa Mootummaa guutuuf itti danda’u uumamuusaa Ministirri Industiri Malaakuu Allebal ibsan. Sirni bittaa ammayyaa abbaa taayitaa Bittaa fi Qabeenyaa Mootummaan diriirfame haala m Industirichi Omishoota dorgomaa ta’an Omishuun fedhii bittaa Mootummaa guutuuf carraa uumeera ijataa damee oomishtootaaf uume ilaalchisuun damicharratti kan hojjetaniif ibsi taasifamaa jira. Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Industuirii Malaakuu Allebal dameeleen haala mijataa fooyya’insa Diinagdee Mandhaleen uumamaniif keessaa tokko Industirii omishaa ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Omishaa fi Omishtummaa damee Industirii guddisuuf fooyuya’insa seeraa fi hoj-mataa taasisuurra darbee walitti hidhaminsa gabaa guddisuuf hojii dabalataa hojjechaa jira jedhaniiru. Haala Kanaan qajeelfamni bittaa Mootummaa amma hojiirra jiru omishtummaa biyya keessa kan jajjabeessuu fi omisha alaa galu bakka buusuuf tattaaffii taassifamuu kan deeggaru ta’uu kaasaniiru. Mootummaan Idustirii omishaa deeggaruuf bittaa biyya keessaa bal’inaan fayyadamaa jiraatus qajeelfamaa fi hoj-maata bittaa sirnaan fayyadamuu dhabuun akka jiru hubachiisaniiru. Haa ta’u malee Industiriin Omishaa gabaa biyya keessaarra darbee carraa omishoota gabaa biyya alaaf dhiheessuusaanii sirnaan akka fayyadamaniif Ministirichi waamicha dhiheessaniiru. Omishtoonni Sirna gurgurtaa fayyadamuun carraa gabaasaanii akka babal’isan hubachiisaniiru. Daarektarri olaanaan Abbaa taayittaa Bittaa fi qabeenya Mootummaa Masarat Baqqalaa sirna bittaa keessatti Inisustirii omishaaf haala mijataa uumame ilaalchisuun ibsa taassisaniiru. Wayita kana Mootummaan omishaa fi omishtummaa Industiriiwwan omishaa guddisuu fi walitti hidhaminsa gabaa guddisuu fi qajeelfama bittaa mijataa baasuusaa dubbataniiru. Keessumaa sirni bittaa Elektirooniksii si’ataa fi Ariifataa ta’uusaa eeruun, dhaabbileen Mootummaa omishawwan qulqullina qaban dhiheessitoota biyya keessaarraa akka argatan taasisaa jira jedhaniiru. Qajeelfamni bittaa Mootummaa adeemsa Caalbasii ifa ta’e hordofuurraa eegalee Industiriiwwan omishaa kan dadammaqsu ta’uu eeruun omishtoonni waa’ee labsii fi qajeelfama bittaa hubannaa qaban caalaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hawaasni Daldalaa carraa Daldala Bilisaa Ardiin Afriikaa Uumetti  sirnaan fayyadamuuf  qophaa’uu qaba – Ministeericha
Oct 27, 2025 43
Onkoloolessa 17/2018(TOI)- Hawaasni Daldalaa carraa Daldala Bilisaa Ardiin Afriikaa Uumetti sirnaan fayyadamuuf qophaa’uu akka qabu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Riijinii hubachiise. Carraa Daldala Bilisaa Ardii Afriikaan argame duguuganii itti fayyadamuuf dameen daldala alergii bu’aa fooyya’aa akka galmeessisu gochuun akka barbaachisu ministeerichi ibseera. Ministeerichatti Qindeessaan deeskii daldala bilisaa Ardii Afriikaa Saamu’eel Gizaaw TOI’f akka ibsanitti, Daldalli bilisaa Ardii Afriikaa hojii qabatamaatti galameera. Gabaan kun akkaataa baay’ina ummataa Afriikaa jiruu fi haala Omisha waggaa (GDP)tiin carraa gabaa fidee kan dhufe waan ta’eef Hawaasni Daldalaa fi qooda fudhattoonni biroon bal’inaan fayyadamuu qabu jedhaniiru. Gabaan kun irra caalaan taarifa hir’isuurra darbee hojmaatawwan rakkisoo ta’an kan hanbisan waan ta’aniif gabaan dorgomaa akka ta’u kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Gurgurtichi sochii daldala alaa saffisa guddaan kanguddisu waan ta’eef Mootummaan haalaa mijaataa uumuusaa dubbataniru. Hawaasni daldalaa carraa gabaa daldala bilisaa Ardii Afriikaan uumame sababeeffachuun duguugee fayyadamuuf qophii taassisuu akka qabu hubachiisaniiru. Walii galteen hojii Daldala bilisaa Ardii Afriikaa hojiirra ooluunsaa biyyoota gahumsaa babal’isuuf qooda olaanaa qabaachuu Lammiileen daldala Al-Ergiirratti bobba’an dubbataniiru. Walii galtichii Omishawwan gara gabaa biyyoota Afriikaaf erguu fi dandeettii dorgommii guddisuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Dura taa’aan Waldaan omishtootaa fi ergitoota Foonii Itiyoophiyaaa Kaliifaa Husann TOI’f akka ibsanitti, Daldalli Bilisaa Ardii eegaluun Afriikaatti Carraa gabaa guddaa argachuuf kan dandeessisudha. Adeemsa hanga ammaa jiruun foon Itiyoophiyaarraa kan ergamu hedduumminaan gara biyyoota fagoo baha gidduu galeessaatti yoo ta’u, walii galtichi mallattaa’uun irra caalaatti kana akka guddisu eeraniiru. Fedhiin omisha foonii guddaan biyyoota Afriikaatti jirachuu kan ibsan dura taa’aan boordii kun Al-Ergitoota Jajjabeessuurra darbee fayyadamummaa biyyaa akka guddisu ibsaniiru. Keessumaa Biiyyoota Afriikaa daandiin Qilleensa Itiyophiyaa gahutti caalaatti walitti dhufeenya daldalaa taasisuuf ni gargaara jedhaniiru. Keessumaa taarifaan wal qabatee dorgomaa ta’uuf rakkoowwan isaan mudachaa turan hanbisuuf carraaqabatee dhufuusaa ibsaniiru. Daarektarri olaanaan waldaa Omishtootaa fi ergitootaa Abaaboo fi biqiltuu Itiyoophiyaa Teewoodiroos Zaawudee gama saanin, walii galteen Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa hojiirra ooluun bakkeewwaa gahumsa daldala alaa babal’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Kunis Itiyoophiyaan Omishashee hedduumminaan Alatti erguun Dinagdeeshee guddisuuf kan ishee gargaaru ta’uu eeraniiru. Irra caalaa damee hortiikaalchariif carraa guddaa qabatee kan dhufe ta’uusaa ibsaniiru. Daldalli Bilisaa Ardii Afriikaa Fulbaana 28 bara 2018 eegaluunsaa ni yaadatama.
Misoomni Koriidaraa Fayyadamummaa Lammiilee Mirkaneessuun milkaa’inni Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf bu’uura kaa’u kan itti galmaa’edha
Oct 27, 2025 49
Onkoloolessa17/2018(TOI)-Misoomni koriideraa Magaalaa Finfinnee Fayyadamummaa lammiilee Mirkaneessuun milkaa’inni Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf bu’uura kaa’u kan itti galmaa’e ta’uu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Magaalaa Finfinnee akka maqaashee Miidhagduu gochuuf hojii misooma koriidaraa eegalaman irratti qaamolee hirmaataniif sagantaan galateeffannaa gaggeeffameera.   Adda baabaayii Masqalaatii Magganaanyaa saawuzgeet, boolee vi ayipii Gooroo gidduugala konveenshinii Idil-Addunyaa Addis, Gooroo Anbassaa Gaaraajii fi Saarbeet Addabaabaayii Jarman, Haayilee Gaarmentii hanga furiitti hojiin dinqisiisaan akka raawwatamuu jiraattota magaalichaa taassisaan,Injiinaroota, Gorsitoota, Hoggantoota hojii Mootummaa fi ogeeyyiin galateeffamaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, Qaamolee Misoomaa fi Miidhagina Magaalittiirratti hirmaatan hundaa galateeffataniiru. Bu’aawwan Misoma koriidaraa Magaalaa Finfinneetti galmaa’an fakkeenyummaa badhaadhina Magaalummaashee haala guutuu ta’een hojjetamuuf humna dandeessisu ijaaruusheef agarsiistuu ta’uu ibsaniiru. Misoomni koriidara fayyadamummaa lammiilee mirkneessuunbadhaadhina biyyaaf milkaa’inni bu’uura kaa’u kan itti galmaa’e ta’uu kaasaniiru. Milkaa’ina kanaaf immoo Maallaqa caalaa ummataa fi biyyasaanii misoomsuun dursanii hojicha saffisaa fi qulqullinaan akka hojjetamuuf kontiraaktaroota, gorsitoota, kutaa hawaasa adda addaa fi tola ooltotaaf galanni ni malaaf jedhaniiru. Itiyoophiyaa misoomsuun gara badhaadhina barbaadamutti ceessisuuf tumsi bu’uura guddaa ta’uu ibsuun, wal tumsuu fi waliif yaaduun mul’ata badhaadhina eegalamee dhugoomsuu dandeessisa jedhaniiru. Bal’ina magaalaa Finfinnee fi hanga ishee madaaluun tumsichi kanaa ol cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Bifa Magaalaa Finfinnee jijiiruuf hiika guddaa akka qabu eeruun Magaalittiin Agarsiistuu Itiyoophiyaa, safartuu fi calaqqee ta’uushee argisiisa jedhaniiru.   Misoomni Koriidaraa Magaalittii hojiiwwan naannoolee birootti eegalamaniif muuxannoo akka ta’u eeruun, milka’inichi baraa baratti dhalootatti kan darbu ta’uusaa ibsaniiru. Misoomni koriidraa lammiilee hedduu fi waldaaleef carraa hojii kan uumee, bakka bashannanaa guddaa kan ta’ee fi Magaalaa Finfinnee Magaala miidhagduu ta’uushee qabatamaan kan argisiisedha jechuun dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiin Dandeettii kalaqaa Guddattootaa fi Dargaggootaa dagaagsuuf eegalaman cimanii itti ni fufu
Oct 25, 2025 136
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Hojiiwwan damee hundaan lammii dorgomaa, gahoomee fi bu’aa qabeessa ta’e horachuuf dandeettii kalaqa dargaggootaa guddisuuf eegalaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil ibsan. Bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo Yuunvarsiitii saaayinsii fi teekinooloojii Finfinnee waliin qindoomuun guddattootaa nageenya Saayibarii fi dameelee Kanaan wal qabataniin leenjise eebbisiiseera Saganticharratti Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, De’eetaa Ministira tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gaobazaay, Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid, pirezidaantiin Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekiniooloji Finfinnee Dr.Darajjee Ingidaaw fi qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru. Ministirri hojii fi kalaqaa Mufarihaat Kamiil wayita kan akka jedhanitti, bara dijiitaalaatti dandeettii yeroon gaafatu fi beekumsa fi lammii leenji’e horachuun guddina biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii ibsaniiru. Birmadummaa guutuu Mirkaneessuf dargaggoota nageenya saayibarii fi beekumsa teekinooloojii yeroon gaafatu hidhatan itti fufinsaan leenjisuu fi hojiitti galchaa jiraachuu eeraniiru. Damee hundaan hojii bu’aa qabeessa hojjechuuf misooma qabeenya namaan keessumaa dandeettii dargaggoota kennaa addaa qaban dagaagsuuf hojiin eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid gama saaniin, Itiyoophiyaan Cehumsa gara dijiitaalaatti taassisaa jirtuun humni namaa damee nageenya saayibariin gahoome murteessaadha jedhaniiru. Kaayyoo guddaan Taalentii saayibarii samar kaampii guddattootaa fi dargaggoota damichaan kennaa addaa qaban dandeettiisaanii guddisuunii fi damichaan biyyaaf qoodasaanii akka bahan taassisuu danda’uuf ta’uu ibsaniiru. Nageenya saayibarii biyyoolessaa eegsisuuf Bulchiinsichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeruun, humna namaa beekumsaa fi dandeettii yeroon gaafatu horachuuf leenjiin saayibar taalentii kan deeggaru ta’uu eeraniiru.
Hojmaattonni Innooveeshinii Utubaa Misooma Afriikaa gochuuf  dandeessisan hojiirra oolaa jiru– Gamtaa Afriikaa  
Oct 22, 2025 218
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Gamtaan Afriikaa Hojmaattota Innoveeshinii Afriikaaf motora hammataa fi misooma fulla’aa gochuuf dandeessisan hojiirra oolchaa akka jiru beeksise. Gamtaan Afriikaa festivaala Innooveeshinii teessoo Muummicha Gamtaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti har’aa eegalee ni gaggeeffama. Festivaalichi mataduree “Gamtaan Afriikaa dargaggoota dursitoota Innooveeshinii Ardii gochuu ”jedhuun gaggeeffamaa jira. Innooveeteroonni, Imaammata baastonni, hoggantoonni Dameelee dhuunfaa fi bakka bu’oonni dargaggootaa feestivaalicharratti ni hirmaatau. Taateen kun furmaata man-dhaalee Innooveeshiniif beekamtii kennuun hojicha caalaatti guddisuurratti xiyyeeffannoo godhateera. Sammuun Afrikaa Qaroome dhiheessii faayinaansiin, dandeettii yeroon gaafatuu fi carraawwan waliin walquunnamsiisuun hojii Innooveeshinii guddisuun faayidaansaa olaanaa ta’uun ibsameera. Gamtaan Afriikaa furmaanni innoveeshinii Ardichatti hojjetame deeggarsa gochuun fi hojiilee innoveeshinii dargaggootaan durfamuuf haala mijataa uumuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera. Gamtichatti karaa sagantaa Dijiitaalaa fi Innooveeshinii dargaggoonni innoveetaroonni biyyoota Afriikaarraa dhufan 18 kutaalee hojii dhaabbatichaa garagaraa keessatti bobbaasuun furmaata qormaata oppireeshiniif qorataman akka kennan gochaa akka jiru ibseera. Saganticha kan deeggaran mana yaalii innooveetaroota Gamtaa Afriikaa hundeessuun humna innooveeshinii dhaabbataa hundeessuu fi tumsa cimsuuf fayyadamaa jiraachuu beeksiseera. Lammiileen karaa Fandii teekinooloojiin Innooveetaroota15 lammiileen Immaamta bocuu keessatti hirmaannaa qaban furmaata guddisan akka dhiheessan deeggarsa Faayinansii fi teeknikaa taassisaa jira. Dabalaanis Gamtaan Afriikaa innooveetaroota shamarranii Umriinsaanii waggaa 15 hanga 25 ta’e rakkoowwan Hawaasummaa fi Diinagdee Ardicha keessa jiru, filannoowwan Dijiitaalaa fi Teekinooloojiin akka furamaniif Innisheetivii deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa hojiirra oolchaa jira. Kunis hirmaannaa Sirna saalaa bu’uura kan godhate kalqni teekinooloojii akka guddataniif kan dandeessisu ta’uu Odeeffanno TOI’n Gamticharraa argate mul’isa. Gamtichi galma Ajandaa Innooveeshinii 2063 milkeessuu fi hunda hirmaachisaa fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf kallatti mul’ataa akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Festivaalli Innooveeshinii hanga Onkoloolessa 24 bara 2018 ni tura.
Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifameera-Itiyoo Telekoom
Oct 17, 2025 407
Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifamuu hojii raawwachiiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Firehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo Telekoom waliin gahiinsa intarneetii Itiyoophiyaatti caalaa guddisuuf tajaajila Ze Nekses jedhu ifatti eegalchiiseera.   Hojii raawwachiiftuun dhaabbatichaa Fireehiywoot Taammiruu, Itiyoo-Telekoom ijaarsa dinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf telekoomii fi bu’ura misoomaa dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennuusaa dubbataniiru. Waggoottan jahan darban tajaajila neetwoorkii dhaloota afraffaa fi shanaffaa, Kilaawudii, teelee birrii fi Zaman gabayaa dabalatee bu’uraaleen misoomaa hojiirra oolan humna guddaa ta’aa akka jiran eeraniiru. Baay’ina maamilootaa miiliyoona 100’n gahuuf garoorfamuu ibsanii, kana keessaa maamiloonni miiliyoona 69 fayyadamtoota moobaayilii fi Birood band Intarneetii gochuuf tarsiimoon bahee hojiin eegalamuu ibsaniiru.   Maamiloonni Itiyoo telekoom miiliyoona 85 tuqaa 9 Itiyoophiyaa kessa akka jiran eeranii, kanneen keessaa miiliyoonni 47 qofti Intarneetii akka fayyadaman beeksisaniiru. Kanaaf ammoo sababoonni garagaraa kan jiran yoo ta’u gatiin meeshaalee Ismaart kana fayyadamuuf oolan mi’aa ta’uu sababa ijoo ta’uu eeraniiru. Itiyoo Telekoom kana yaada keessa galchuun tajaajila Ze Nekses jedhu ifoomsuuibsaniiru. Tajaajila kana qaqqabaa gochuuf bilbiloota moobaayilii teeknooloojii Kilaawud fayyadaman, Laaptooppota, Taableetotaa fi Woorkisteeshinoota gatii madaalawaan gabaaf dhiheessuusaa dubbataniiru.   Maamiloonni meeshichatti fayyadaman Kilaawudii Itiyoo Telekoom kallattiin fayyadamuun tajaajila tajaajila akka argatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu dhiheessuuf qophiin taasifamuu eeranii, qaqqabummaa Intarneetii kana guddaa fooyyessa jedhan. Yeroo ammaa qonna, tajaajila dijitaal faayinaansii barumsa dabalatee tajaajiloonni mootummaa garagaraa Intarneetiin akka kennaman eeranii, gama Kanaan tajaajilli Ze Nekses hojii eegaluunsaa faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Tajaajilli Ze nekses dhaabbileen akka waldorgoman gochuuf akkasumas tajaajiloota si’ataa fi ammayyaa qaqqabaa akka taasisan qooda olaanaa akka bahu himaniiru.
Ispoortii
Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtoota Atileetiksii cimaa kan waggaa keessa galan
Oct 27, 2025 73
Onkoloolessa 17/2018 (TOI)- Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtoota Atileetiksii cimaa addunyaa kan waggaa keessa galaniiru. Atileetiksiin addunyaa kaadhimamtoota atileetiksii cimoo damee garagaraa ifoomsaa jira. Qaamni olaanaa Atileetiksii odeeffannoo har’a baaseen dhiiraan atileet Yooomiif Qajeelchaa fi dubartootaan atileet Tigist Asaffaa maqaa kaadhimamtoota cimoo addunyaa Istaadiyeemiin alaa keessa galuusaanii beksiseera. Lammiin Taanzaaniyaa Alfonsi Siimbuu,lammiin Keeniyaa Sabaastiyaan Saawwee, lammiin Biraazil Kaayoo Boonfiim fi lammiin Kaanaadaa Iivan Danfii atileetota dhiiraan kaadhimamanidha. Dhalootaa Itiyoophiyaa lammummaan Nezerland kan taate Siifan Hasan, lammiin Keeniyaa Peereez Jepchiirchiir fi Agines Nigetiich akkasumas lammiin Ispeen Maariyaa Peereez damee dubartootaan kaadhimamaniiru. Sagaleen atileetii filatamaa addunyaa Istaadiyeemiin alaaf kennamu har’a kan eegalame yoo ta’u, amma Onkoloolessa 23 bara 2018tti akka turu atileetiksiin addunyaa beeksiseera. Sagalee kennuu ilaalchisee manni maree ogeeyyota atileetiksii addunyaa dhibbantaa 75 akkasumas miseensonni maatii atileetiksii addunyaa fi sagaleen ummataa qooda dhibbantaa 25 akka qabu ibseera. Manni marichaa fi miseensonni maatii atileetiksii karaa imeelii sagalee kan kennan yoo ta’u jaalattoonni atileetiksii biroon karaa marsariitii hawaasummaa atileetiksii addunyaa kennuu akka danda’an eerameera. Badhaafni atileetota ciccimoo addunyaa bara 2025 Sadaasa 21 bara 2018 Moonaakootti ni gaggeeffama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 270
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 396
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 398
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 14882
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015