ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Inistiitiyuutiin Qorannoo kun Qorannoo Medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesiseera
May 3, 2026 33
Ebla25/2018(ENA):-Kompileeksiin Laaboraatoorii Qorannoo Ammayyaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti ijaarame, qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesise giddugala madaallii olaanaa (excellence center) ta'uu isaa Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ibsaniiru. Minstirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad dhaabbaticha wayita eebbisan akka jedhanitti, dallaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti giddugalli ammayyaa ijaarame kun, ijaarsa bu'uraalee misoomaa irra darbee, Itiyoophiyaa of dandeesse fi fayyaalessa taate dhugoomsuuf kan hojjatu giddugala beekumsaa olaanaadha. Dhaabbatichi qorannoo gara imaammataatti, kalaqa immoo gara furmaata qabatamaatti jijjiiruun, oomisha qorichaan of danda'uuf, nageenya fayyaa fulla’aa mirkaneessuu fi hunda caalaa immoo milkaa'ina hanga ammatti galmeessisne caalaatti guddisuuf tarkaanfii guddaa gargaarudha jedhanii ibsuun isaanii ni yaadatama. Gidduugalli kun Ikkooloojii Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa kan banu dhaabbata qorannoo ammayyaa ta'uusaas mirkaneessaniiru. Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ENA’f akka ibsanitti, inistiitiyuutichi qorannoo dhukkubootaa, qorannoo laaboraatoorii fi sodaa fayyaa dhibeewwan weeraraa ka'an adda baasuuf dandeettii biyyaalessaa guddaa ijaareera. Dhaabbatichi teeknoolojii ammayyaa fi humna namaa leenji'een deeggaramee hojii qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu hojjachaa akka jiru eeraniiru. Kompilaaksiin qorannoo dhiheenya kana eebbifame bu'uraalee misoomaa Laaboraatoorii Ammayyaa fi humna namaa leenji'e kan hammate ta'uusaa ibsuun; sadarkaa qorannoo wal’aansa Itiyoophiyaa keessa jiru guddisee jira jedhaniiru. Dandeettiin dhukkuboota haaraa fi turan sirriitti adda baasuu isaa damee yaalaatiif deeggarsa guddaa gochaa jira jedhaniiru. Dhukkuboota akka weeraraatti ka'an qorannoon xiinxaluu fi adda baasuuf, akkasumas nageenya fayyaa uummataa eeguuf qophaa'ummaasaa cimsuu isaa daarektarri olaanaan kun eeraniiru. Toftaaleen qorannoo inistiitiyuutichi hordofu sadarkaa addunyaa kan eege ta'uun isaa Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane, Naannoo Gaanfa Afriikaatiifis faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Kompilaaksiin laaboraatoorii haaraa kun Laaboraatooriiwwan hedduu walitti kan qabate fi dandeettii biyyaalessaa guddaa kan uume ta'uu ibsuun; keessumaa dandeettiin xiinxala sanyii (Genetic analysis) gaggeessuu isaa qorannoowwan kanaan dura biyya alaatti ergamanii hojjetaman biyya keessatti akka hojjetaman kan taasisudha jedhaniiru. Giddugala kana keessatti hojiiwwan qorannoo fi xiinxala adda addaa dandeettii biyya keessaan hojjechuuf kan dandeessisan teeknoolojiiwwan ammayyaa adda addaa guutamuu isaanii ibsuun; amma sadarkaa Itiyoophiyaa irra darbee biyyoota Afriikaa tajaajiluu dandeessisuun hojiin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Dhaabbatichi jalqaba irratti dhukkuba lamxii /gogaa/ (leprosy) ittisuu fi to'achuuf kan hundeeffame ta'us, amma irratti dhukkuba Tiibii (TB) qoricha barate, busaa fi hojiiwwan qorannoo biroo hedduu gaggeessaa jira. Qorannoon alatti, qorichoonni biyya keessatti oomishaman qulqullina isaanii kan eeggatan akka ta'an gochuuf hojiin qorannoon adda baasuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Giddugalni qorannoo kun Laaboraatooriiwwan 40, kutaa jinoomiksii (genomics) fi baayio-infoormatiksii (bioinformatics) olaanoo, akkasumas giddugala baayio-Ikuuwiivaalensii (bioequivalence) qorichoota biyya keessatti oomishaman qulqullinaa fi dandeettii isaanii mirkaneessu kan hammateedha. Itiyoophiyaa fi guutuu Afriikaa keessatti babal'ina Ikkoosiistemii saayinsii fi ijaarsa dandeettiitiif madaallii haaraa kan kaa’e dhaabbatichi, iddoowwan leenjii fi qorannoof ramadaman qabachuu isaa ibsameera.
Kolleejichi Dameewwan Ogummaa Fayyaa Adda Addaatiin Barattoota Leenjise 556 Eebbisiise
May 3, 2026 47
Ebla25/2018(ENA):- Kolleejiin Medikaalaa Hospitaala Miliniyeemii Qidduus Phaawuloos barattoota dameewwan ogummaa fayyaa adda addaatiin leenjise 556 har'a eebbisiiseera. Eebbifamtoonni kolleejichaa kanneen ogummaa fayyaa, Ispeeshaalayizeeshinii fi dameewwan saayinsii fayyaa adda addaatiin leenji'an ta'uun ibsameera. Barattoota eebbifaman kanneen keessaa 204 dubartoota yoo ta'an, 14 immoo biyyoota Afriikaa adda addaa irraa kan dhufan ta'uun beekameera. Sirna eebbaa kana irratti Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa, Hoggantoonni olaanoo Mootummaa, keessummoonni affeeramanii fi maatiin eebbifamtootaa argamaniiru. Piroovostiin Koollejii Medikaalaa Hospitaala Miliiniyeemii Qidduus Phaawulor Dr. Muluuqan Tasfaayyee wayita sana akka ibsanitti; Koollejichi waggoota 13’n darban keessatti ogeessota damee fayyaa keessatti gumaacha olaanaa taasisan horachuu danda'eera. Dhaabbatichi barnootaa fi leenjii qulqullina isaa eege kennuu irratti hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an hojjachaa turuu isaas eeraniiru. Yeroo ammaa kanas ogeessonni koollejichatti leenji'an dhaabbata fayyaa adda addaa keessatti bobba'uun rakkina fayyaa hawaasaa furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa akka jiran Dr. Muluuqan dabalanii ibsaniiru. Kolleejjichi sagantaa eebbaa har'aa kan gaggeesse yeroo 13ffaaf ta'uunsa beekameera.
Dirree Dawaatti hojiiwwan ittisa busaa irratti hojjetamaniin bu'aaleen galmeeffamaniiru
May 3, 2026 33
Ebla25/2018(ENA):- Bulchiinsa Dirree Dawaatti hojiiwwan qindaa'oon ittisaa fi to'annoo busaa irratti hojjetaman dhibee kana hir'isuu keessatti bu'aa qabatamaa fidaa jiraachuu ogeeyyiinii fi hoggantoonni damee fayyaa ibsan. Dirree Dawaan teessuma lafaa fi haala qilleessaa ho'aa qabduun kan ka'e, naannolee biyyattii dhibee busaatiif saaxilamoo ta'an keessaa ishee tokko ta'uunshee ni beekama. Saaxilamummaa kana hir'isuu fi fayyaa uummataa eeguuf hojiiwwan ittisaa garaa garaa hojjetamaa kan turan yoo ta'u, kanaanis bu'aaleen galmeeffamuunsaa ibsameera. Aanaa Saabiyaaniitti hojii gaggeessan Buufata Fayyaa Gooroo Idaalammaa Irqiyihuun akka jedhanitti iddoowan gannaan wal-horuuf mijatan karaa qindaawaa ta'een gogsuunii fi keemikaala biifuun busaa karaa qabatamaa ta'een ittisuun danda'ameera. Keessattuu, ogeeyyiin Ekisteenshinii Fayyaa uummataaf barnoota ittisaa sirrii ta'e kennuudhaan fi hojii ittisaa irratti abbummaan akka hirmaatan gochuun hojiiwwan hojjetaman firii kan qaban ta'uu dubbataniiru. Hawaasni dallaa fi naannoosaanii qulqulleessuu, bakka bishaan ciise dhangalaasuu fi gogsuun hojiin inni hojjechaa jiran akka fakkeenyaatti kan ka'u ta'uu ibsaniiru. Hojii ittisaa cinaatti baatiiwwan salgan darban keessa namoota dhibee busaatiin qabaman kuma 2fi 900f yaala barbaachisaa ta'e kennuun hojiin fayyisuu hojjetamuu kaasaniiru. Hojiiwwan bara darbee fi barana ittisaa fi dhabasiisa busaa irratti hojjetaman, namoonni busaadhaan qabaman haala olaanaan akka hir'atan gochuu isaas ibsaniiru. Ogeessi Buufata Fayyaa Aanaa Malkaa Jabduu Beetaliheem Indaalaa gama isaaniitiin, barana hojiiwwan ittisaa fi dhabamsiisa busaa irratti hojjetaman tamsa'ina dhibee kanaa dhaabsisuuf kan dandeessise ta'uun ibsan. Keessattuu, iddoowwan yaa'a bishaanii fi naannolee industiriitti bakka itti wal-horanitti keemikaala biifuun naannolee sana sodaarraa bilisa gochuun danda'ameera jedhaniiru. Warra dhukkubsataniifis wal’aansa barbaachisaan kennamaa jiraachuu eeruun, dhukkubsataan busaadhaan qabame tokkollee buufata fayyaa sana keessa akka hin jirre ibsaniiru. Hojiiwwan ittisa busaa irratti hojjetamaniin jijjiiramoota dhufan caalaatti guddisuun, Malkaa Jabduu busaa irraa bilisa taate dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Doktar Tsigeredaa Kifilee gama isaaniitiin; dhibee busaa ittisuu irrattis ta'e dhaabbilee fayyaa hunda keessatti nama busaadhaan qabameef yaalli kennamaa jiru bu'aa jajjabeessaa fiduu isaa ibsaniiru. Hirmaannaan hawaasni dhibee kana ittisuuf taasisaa jiru cimaa dhufuu fi dhaabbilee fayyaa hunda keessatti qorichi farra busaa fi kiitiin qorannoo ariifataa akka guutamu ta'uun isaa tamsa'ina dhibee kanaa haala olaanaan hir'isuu dandeessiseera jedhaniiru. Baatiiwwan salgan darban keessa dhibee busaatiin kan lubbuun isaa darbe jiraataan tokkollee akka hin jirre eeranii, imala bu'a-qabeessa kana itti fufsiisuu fi Dirree Dawaa busaa irraa bilisa gochuuf xiyyeeffannoodhaan hojjeamaa jiraachuu kaasaniiru.
Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa Fakkeenyummaan kan eeramudha
May 3, 2026 49
Ebla25/2018(ENA):- Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa fakkeenyummaan kan eeramuu fi qabatamaa akka ta'e, Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuutii Guddina Magariisa Addunyaa (GGGI) fi Itiyoophiyaatti Qindeessaan haala Qilleensaa Jijjiirama,Sirna Nyaataa fi Niiwutiriishinii ibsan. Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuuticha Okeechukuu Dani’eel Ogibonayaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaan dhibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuun guddinni isheen galmeessisaa jirtu, Riijinicha misoomaan walitti hidhuuf humna dabalataa uumaa jira. Misoomni Dinagdee Magariisaa kun, gadi lakkifama kaarboonii hir'isuun, Carraa hojii babal'isuu fi Invastimantii hawwachuuf humna dabalataa uumuun isaa, muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu eeraniiru. Biyyattiin misooma anniisaa haaromfamuu kanneen akka Bishaanii, Bubbee fi aduun invastimantiiwwan gurguddoorratti gochaa jirtu, dinagdee jijjiirama qilleensaatiin hin sarbamne ijaaruuf akka ishee dandeessisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Qindeessaan Qilleensaa Jijjiirama, Sirna Nyaataa fi Niiwtirishinii Dooktor Kaffaalanyi Geetaahuun gama isaaniitiin, Misoomni Dinagdee Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, guddina jijjiirama qilleensaa giddugaleeffate ijaaruuf akka ishee dandeessisu eeraniiru. Kanaafis sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuu fi hojiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii oomishtummaan akka dabalu gargaaruu isaa kaasaniiru. Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti rakkoo sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufe dandamachuuf humna ishee ijaaraa akka jirtu qindeessaan kun ibsaniiru. Itiyoophiyaan naannichaa misooma waliiniitiin walitti hidhuuf hojii isheen eegaltee jirtus kan jajjabeeffamu ta'uu isaa dabalanii ibsaniiru.
Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu Naamusa Industirii fi Duudhaa Hojii Haaraa dagaagsaa jira — Tajaajila Komuniikeeshinii Mootummaa
May 3, 2026 55
Ebla 25/2018(ENA)- Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu dandeettii teeknikaa bira darbee, naamusa industirii haaraa fi duudhaa hojii olaanaa uumuu keessatti gahee guddaa bahachaa akka jiru Tajaajilli Komuniikeeshinii Mootummaa beeksise. Kaka'umsa Ministira Muummee Doktoor Abiyyi Ahimadiin kan eegalame sosochiin Itiyoophiyaan Haa omishtuu,waarshaawwan 830 deebisee hojiitti galchuun, oomisha doolaara biiliyoona 4 tuqaa 85 biyya keessatti bakka buusuu fi gurgurtaa alaa (ekspoortii) irraa doolaara miiliyoona 433 galii gochuun, ce’umsa industirii dinqisiisaa galmeessisuunsaa ibsameera. Haa ta'u malee, mootummaan Itiyoophiyaa yeroo sochii kana jalqabu galmi isaa oomisha guddisuu fi sharafa alaa oolchuu qofa akka hin turre tajaajilichi ibseera. Tilmaama dinagdee bira darbee, milkaa’inni hunda caalu fi tarsiimoo’aan kan galmaa’e, humna namaa Itiyoophiyaa maddaa beekumsaa fi dandeettii taasisuu danda'u ijaaruu irratti akka ta'e eerameera. Har'a guddinni manifaakchariingii walitti qabama waarshaawwanii qofa ta'uun hafee, mana barumsaa gochaa(shaakalaa) bal’aa ogeeyyiin fi gaggeessitoonni dandeettii qaban kanneen Itiyoophiyaa boruu ijaaran keessatti horataman ta'uu danda'eera. Ce’umsi kun Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti dorgomaa kan ishee taasisu, dhiyeessituu meeshaalee callaa ta'uu irraa gara madda teeknoolojii fi dandeettii dhiyeessuutti kan ol guddisu ta’uu tajaajilichi beeksiseera. Kunis seenaa haaraa hundee Itiyoophiyaa boruutiif bu'uura kaa'u ta'uu tajaajilichi beeksiseera. Jijjiiramni qabatamaan Pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa, paarkota induustirii fi Waarshaawwan gurguddoo keessatti argame, cimina imaammata mootummaa gochaan kan mirkaneessu dha jedhameera. Kanaan dura dandeettii fi kaffaltii guddaan lammiilee biyya alaatiin qofa kan gaggeeffamaa turan, Siistemoota teeknoolojii wal-xaxoon, toorawwan oomishaa ammayyaa fi Bu'uraaleen misoomaa softiweerii, har'a guutummaatti injinaroota fi teeknishaanota dargaggoota biyya keessaatiin gaggeeffamaa jiru. Jijjiiramni beekumsaa milkaa'aan kun, mootummaan Imaammata qulqullina qabu bocuu qofa osoo hin taane, Imaammata qabatamaan gara hojiitti jijjiiruu fi raawwachiisuu irratti dandeettii guddaa qabaachuu isaa agarsiistuu ta’uun ibsameera. Dargaggoonni Itiyoophiyaa damee kana keessatti hirmaatanis carraa mijataa isaaniif uumame fayyadamuun, teeknoolojii fudhachuu qofa osoo hin taane, teeknoolojicha dhuunfachuu fi madaqsuu dandeettii qaban gochaan agarsiisaa jiru. Kanaanis Itiyoophiyaan hirkattummaa teeknoolojii waggoota dheeraaf qabdu dandeettii kalaqaa isaaniitiin hambisaa, duudhaa hojii fi boqonnaa seenaa haaraa barreessaa jiraachuu tajaajilichi ibseera. Sochiin "Itiyoophiyaan Haa Oomishu" dandeettii teeknikaa bira darbee, naamusaa induustirii fi duudhaa hojii haaraa ijaaraa jira. Lammiileen damee kana keessatti bobba'an Istaandaardii to'annoo qulqullinaa addunyaa, ittifayyadama yeroo cimaa fi dandeettii gaggeessummaa tarsiimawaa gonfachaa jiru. Hojjettoota sadarkaa gadii irraa ka’ee Kaampaniwwan addunyaa keessatti hanga sadarkaa murteessummaa olaanaatti kan gahan dargaggoonni, "oomishni gaariin" Itiyoophiyaan gabaa Addunyaatiif dhiyeessitu humna namaasaa ta'uu mirkaneessuun eerameera. Mootummaan firii ce’umsa industirii kana kan madalu callaa gurgurtaa alaan qofaan osoo hin taane, lammii oomisha danda'u, teeknoolojiin gonfate fi beekumsaan badhaadhe uumuu isaatiin ta'uu tajaajilichi beeksiseera. Sosochii dandeettii kana caalaa ariifachiisuuf damicha madda teekinooloojii taasuisuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman kutannoon akka itti fufan ibsameera.
Siyaasa
Carraa mijaa’etti fayyadamuun kaardii filannoo fudhanneerra – Barattoota Yunivarsiitii
May 2, 2026 331
Ebla 24/2018 (ENA) – Carraa boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa barattoota Yunivarsiitiif mijeessetti fayyadamuun kaardii filannoo fudhachuusaanii barattoonni Yunivarsiitii Asoosaa dubbatan. Pirezidaantiin gamtaa barattootaa Yunivarsiitichaa barataa Malkaamuu Malaakuu akka ibsetti, barattoonni Yunivarsiitichaa mirga demokiraasii isaaniitti gargaaramuun paartii ijaarsa biyyaaf, nagaa fi misoomaaf gumaacha taasisu akka filatan carraan uumamuunsaa kan jajjabeeffamudha. Barattoonni bakka jiranirraa teeknooloojiin deeggaramanii akka galmaa’an mijachuunsaas fooyyee gaarii filannoo walii galaa 7ffaa irratti mul’ate ta’uu eereera. Barattuu Ababaa Yenyaanoo gamasheetiin, barattoonni filannoorratti akka hirmaannu godhamuunsaa mirga filachuu qabnutti gargaaramnee paartii biyyattii nagaa fi ijaarsa biyyaatiin fuulduratti tarkaanfachiisu filachuuf carraa nuuf kenna jetteetti. Carraa barattootaaf mijatetti fayyadamuun kaardii filannoo fudhachuusaa kan ibse barataa Abiiyan Kuukkuu, bakka jiranitti kaardii fudhachuu danda’uunsaanii yeroo fi humna waan qusatuuf jajjabaachuu qaba. Filannoo walii galaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamurratti paartii siyaasaa barbaaduuf sagalee kennuun itti gaafatama lammummaa bahachuuf qophaa’uusaa dubbateera.
Hojiilee misoomaa waggoottan darban raawwatamaniin fayyadama hawaasaa mirkaneessuun danda’ameera
May 2, 2026 252
Ebla 24/2018 (ENA) - Hojiilee misoomaa waggoottan shanan darban raawwatamaniin fayyadama hawaasaa mirkaneessuun danda’amuusaa paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira dame magaalaa Finfinnee Mogod Baalchaa ibsan. Dadammaqsi filannoo walii galaa 7ffaa paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Fininneetti gaggeeffamaa jira. Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa Adaanech Abeebee, af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’uun dorgoman, miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa saganticharratti argamaniiru. Obbo Mogos Baalchaa wayita kana ergaa dabarsaniin, hojiilee misoomaa gurguddoo waggoottan shaman darban raawwatamaniin fayyadama ummataa mirkaneessuun danda’ameera. Mootummaan ida’amuu Itiyoophiyaa keessatti badhaadhina mirkaneessuu kan dandeessisan bu’ura amansiisaa kaa’uusaa hubachiisaniiru. Hojiileen namarratti xiyyeeffatan jireenya namoota hedduu bu’urarraa jijjiiruun buaa argamsisuusaanii eeranii, paartiin badhaadhinaa paartii waadaa galeef amanamu ergamasaa galmaan ga’uuf kan si’oome ta’uu beeksisaniiru. Hojiileen Finfinnee miidhagsuuf hojjetaman jijjiirama qabatamaa fiduusaanii ibsaniiru. Hojiilee misoomaa kanneen ciminaan itti fufsiisuu fi fayyadama ummataa caalaatti mirkaneessuuf hawaasni paartii badhaadhinaa akka filatu gaafataniiru.
Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti ni raawwata
May 2, 2026 222
Ebla 24/2018(ENA)- Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti akka raawwatu miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dadammaqsi filannoo walii galaa 7ffaa paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Fininneetti gaggeeffamaa jira. Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa Adaanech Abeebee, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee magaalaa Finfinnee Mogos Baalchaa, af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’uun dorgoman, miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa saganticharratti argamaniiru. Miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa fi kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee wayita kana akka jedhanitti, hundaa olitti abbaan aangoo ummatadha. Hirmaannaa fi tumsa ummataan alattti badhaadhina mirkaneessuun akka hin danda’amne dubbataniiru. Waggoottan darban paartiin badhaadhinaa hojiiwwan fayyadama ummataa mirkaneessan hedduu raawwachuusaa kan dubbatan kantiibaan kun, humni lafa kanaa badhaadhina Itiyoophiyaa hin dhaabne akka hin jirre ibsaniiru. Hojiileen misoomaa magaalattiitti hojjetaman eenyuyyuu kan hidaganne hunda kan ofkeessatti qabate ta’uu eeranii, hojiileen kunneen fayyadama dinagdee fi hawaasummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha jedhaniiru. Paartiin badhaadhinaa paartii waadaa gale eegudha kan jedhan kantiibaa Adaanech, akkaataa waadaa galeen maqaa gaarii magaalattii ijaaruusaa dubbataniiru. Paartiin badhaadhinaa fuulduras fayyadama ummataa mirkaneessuuf akka hojjetu waadaa galuun “badhaadhina Filadhaa” jechuun dhaamaniiru.
Sagantaan dadammaqsa filannoo paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Finfinneetti gaggeeffamaa jira
May 2, 2026 229
Ebla 24/2018(ENA)- paartiin badhaadhinaa Sagantaan dadammaqsa na filadhaa filannoo walii galaa 7ffaa mata duree “Itiyoophiyaan biyya gara fakkeenyummaatti” jedhuun Istaadiyoomii Finfinneetti gaggeefssa jira Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee fi kaadhimamtoonni paartii badhaadhinaa bakka bu’uun mana maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree magaalaa Finfinneef dorgoman saganticharratti argamaniiru.
Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filataman
May 1, 2026 585
Ebla 23/2018 (ENA)- Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamaniiru. Miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa kan ta’an doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamuusaanii odeeffannoon mana marichaa ni mul’isa. Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamuusaaniitti gammaduusaa ibsee bara hojii gaarii akka ta’uuf hawweera
Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti hojiiwwan dippilomaasii dantaa biyyaalessaa ishee eegsisu gaggeessaa jirti - Ministeera Dhimma Alaa
Apr 30, 2026 898
Ebla 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti barbaachisummaa ishee guddisuu fi dantaa biyyaalessaa ishee eegsisan hojii dippilomaasii gaggeessaa jirti jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo. Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachow sochii dippilomaasii yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kennaniin, pireesidaantonni Burundii, Laayibeeriyaa, Moozaambiikii fi Sudaan Kibbaa torbeewwan darban keessa daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti taasisan yaadachiisaniiru. Hoggantoonni kunneen hariiroo biyyoota gidduu jiru daran cimsuuf daawwannaa isaaniin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad (Dr.) waliin marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan muuxxannoo ishee waliif qooduuf waliigalteewwan biyyoota lamaanii mallatteessuun hubannoo namtolchee, qonna, turizimii, ashaaraa magariisaa fi dameewwan biroon guddina olaanaa galmeessitetti waliin hojjechuuf waliif mallatteessuu ishee eeraniiru. Haaluma kanaan, Daawwannaa Ministiroota Dhimma Alaa Poorchugaal, Baanglaadeesh fi Oostiriyaa fi Ergamaa addaa Chaayinaa gaanfa Afrikaatti taasisanis eeraniiru. Kunis ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti qabdu akka gaariitti kan calaqqisiisu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Gidiyoon Ximootiyoos daawwannaa Iswiidinii fi Noorweeyitti taasisaniin hoggantoota hojii mootummaa akkasumas hoji gaggeessitoota dhaabbatichaa waliin marii bu’a qabeessa taasisaniiru jedhan. Itiyoophiyaan hojii dippilomaasii daldalaa fi invastimantii keessattuu anniisaa haaromfamuu danda’u, teeknooloojii, turizimii fi dameewwan biroo irratti waliin hojjechuuf kan dandeessisu raawwachuu ishee ibsaniiru. Itiyoophiyaan pirezidaantummaa Mana Maree Nageenyaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa haala gaariin raawwachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan Galooo Galaana Hormuuz irratti ajandaa marii akka dhiheessite eeruun, akkasumas dhimmoota nageenya ardiilee biroo irrattis yaada ishee ibsiteetti. Hariiroon biyyoota lamaanii, biyyoota hedduu fi hojiin dippilomaasii Itiyoophiyaa dantaa biyyaalessaa ishee eegsisuun dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti fudhatamummaa ishee akka dabalu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Manni maree muudama miseensota boordii Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa raggaasise
Apr 30, 2026 804
Ebla 22/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama miseensota boordii Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa sagalee caalmaan raggaasise. Muudama miseensota boordii kanaa kan ibsan mana marichaatti itti waamamaan de’eetaan ministiraa Dr. Miratuu Shaanqoo muudamtoonni qophii barnootaa fi dandeettii horataniin ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uuf dandeettii akka qaban ibsaniiru. Dantaa biyyaalessaa hubachuuf dandeettii kan qaban yoo ta’u, dhaabbaticha gara milkaa’inaatti akka geessan kan amanaman ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan: 1. Bileen Maammoo …….walitti qabduu boordii 2. Fedilaa Biyyaaa ....... Miseensa 3. Tasfaayee Zawudee ....... Miseensa 4. Mohaammad Kaasaa ....... Miseensa 5. Afawarqi Badawwii ....... Miseensa 6. Asmaa Radii ....... Miseensa 7. Yoonaas Baqqalaa ....... Miseensa 8. Haftaay Gabraigzi’abiher....... Miseensa 9. Dr. Isaayyaas Kaasaa ....... Miseensota kanneen dhiyeessuun, Manni marichaa yaada namoota miseensa taasifamanii muudamuuf dhiyaatan ilaaluun, miseensi sagalee kan hin kennine tokko, sagalee caalmaan raggaasiseera. Muudamtoonni Mana Maree duratti dhiyaatanii waadaa galaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jennu filachuuf qophoofneerra – Barattoota
Apr 30, 2026 708
Ebla 22/2018(ENA)- Paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jennu filachuuf qophoofneerra jedhan Yunivarsiitii Haroo Mayaatti barattootni kolleejii fayyaa fi saayinsii waldhaansaa. Filannoo walii galaa 7ffaatiin paartii nuuf ta’a jedhan filachuuf marsariitii galmee addaatti fayyadamuun galmaa’uusaanii ibsaniiru. Barattoota keessaa kolleejichatti barattuun wagga 3ffaa Makliit Shaawul akka jettetti marsariitii galmee addaa boordichi qopheessetti gargaaramuunpaartii naaf ta’a jettu filachuuf galmaa’uushee ibsiteetti. “Filachuuf yoon galmaa’u kun kan jalqabaati” kan jettu barattuun kun, paartii biyyaaf ni fayyada, anaanis bakka ni bu’a jedhu nan filadha jetteetti. Kolleejichatti barataan waggaa sadaffaa teknishaanii laaboraatoorii Murteessaa Diinii barattoonni carraa kana argachuun keenya carra qabeessa nu taasiseera jedheera. Barataan Faarmaasii wagga afraffaa Amiiraa Makkii gamasheetiin, paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jettu filachuuf qophaa’uushee dubbatteetti. Kolleejichatti pirezidaantiin gamtaa barattootaa fi barataan saayinsii waldhaansaa wagga shanaffaa Adinaan Abdusalaam, gabatee yeroo boordiin filannoo baasee fi marsariitii galmee addaatti fayyadamuun barattoonni filmaata jiran hundaan akka galmaa’an gochaa jirra jedheera. Yeroo ammaa barattoonni marsariitii galmee addaatti fayyadamuun galmaa’aa akka jiran dubbateera.

Hawaasummaa
Kolleejichi Dameewwan Ogummaa Fayyaa Adda Addaatiin Barattoota Leenjise 556 Eebbisiise
May 3, 2026 47
Ebla25/2018(ENA):- Kolleejiin Medikaalaa Hospitaala Miliniyeemii Qidduus Phaawuloos barattoota dameewwan ogummaa fayyaa adda addaatiin leenjise 556 har'a eebbisiiseera. Eebbifamtoonni kolleejichaa kanneen ogummaa fayyaa, Ispeeshaalayizeeshinii fi dameewwan saayinsii fayyaa adda addaatiin leenji'an ta'uun ibsameera. Barattoota eebbifaman kanneen keessaa 204 dubartoota yoo ta'an, 14 immoo biyyoota Afriikaa adda addaa irraa kan dhufan ta'uun beekameera. Sirna eebbaa kana irratti Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa, Hoggantoonni olaanoo Mootummaa, keessummoonni affeeramanii fi maatiin eebbifamtootaa argamaniiru. Piroovostiin Koollejii Medikaalaa Hospitaala Miliiniyeemii Qidduus Phaawulor Dr. Muluuqan Tasfaayyee wayita sana akka ibsanitti; Koollejichi waggoota 13’n darban keessatti ogeessota damee fayyaa keessatti gumaacha olaanaa taasisan horachuu danda'eera. Dhaabbatichi barnootaa fi leenjii qulqullina isaa eege kennuu irratti hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an hojjachaa turuu isaas eeraniiru. Yeroo ammaa kanas ogeessonni koollejichatti leenji'an dhaabbata fayyaa adda addaa keessatti bobba'uun rakkina fayyaa hawaasaa furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa akka jiran Dr. Muluuqan dabalanii ibsaniiru. Kolleejjichi sagantaa eebbaa har'aa kan gaggeesse yeroo 13ffaaf ta'uunsa beekameera.
Dirree Dawaatti hojiiwwan ittisa busaa irratti hojjetamaniin bu'aaleen galmeeffamaniiru
May 3, 2026 33
Ebla25/2018(ENA):- Bulchiinsa Dirree Dawaatti hojiiwwan qindaa'oon ittisaa fi to'annoo busaa irratti hojjetaman dhibee kana hir'isuu keessatti bu'aa qabatamaa fidaa jiraachuu ogeeyyiinii fi hoggantoonni damee fayyaa ibsan. Dirree Dawaan teessuma lafaa fi haala qilleessaa ho'aa qabduun kan ka'e, naannolee biyyattii dhibee busaatiif saaxilamoo ta'an keessaa ishee tokko ta'uunshee ni beekama. Saaxilamummaa kana hir'isuu fi fayyaa uummataa eeguuf hojiiwwan ittisaa garaa garaa hojjetamaa kan turan yoo ta'u, kanaanis bu'aaleen galmeeffamuunsaa ibsameera. Aanaa Saabiyaaniitti hojii gaggeessan Buufata Fayyaa Gooroo Idaalammaa Irqiyihuun akka jedhanitti iddoowan gannaan wal-horuuf mijatan karaa qindaawaa ta'een gogsuunii fi keemikaala biifuun busaa karaa qabatamaa ta'een ittisuun danda'ameera. Keessattuu, ogeeyyiin Ekisteenshinii Fayyaa uummataaf barnoota ittisaa sirrii ta'e kennuudhaan fi hojii ittisaa irratti abbummaan akka hirmaatan gochuun hojiiwwan hojjetaman firii kan qaban ta'uu dubbataniiru. Hawaasni dallaa fi naannoosaanii qulqulleessuu, bakka bishaan ciise dhangalaasuu fi gogsuun hojiin inni hojjechaa jiran akka fakkeenyaatti kan ka'u ta'uu ibsaniiru. Hojii ittisaa cinaatti baatiiwwan salgan darban keessa namoota dhibee busaatiin qabaman kuma 2fi 900f yaala barbaachisaa ta'e kennuun hojiin fayyisuu hojjetamuu kaasaniiru. Hojiiwwan bara darbee fi barana ittisaa fi dhabasiisa busaa irratti hojjetaman, namoonni busaadhaan qabaman haala olaanaan akka hir'atan gochuu isaas ibsaniiru. Ogeessi Buufata Fayyaa Aanaa Malkaa Jabduu Beetaliheem Indaalaa gama isaaniitiin, barana hojiiwwan ittisaa fi dhabamsiisa busaa irratti hojjetaman tamsa'ina dhibee kanaa dhaabsisuuf kan dandeessise ta'uun ibsan. Keessattuu, iddoowwan yaa'a bishaanii fi naannolee industiriitti bakka itti wal-horanitti keemikaala biifuun naannolee sana sodaarraa bilisa gochuun danda'ameera jedhaniiru. Warra dhukkubsataniifis wal’aansa barbaachisaan kennamaa jiraachuu eeruun, dhukkubsataan busaadhaan qabame tokkollee buufata fayyaa sana keessa akka hin jirre ibsaniiru. Hojiiwwan ittisa busaa irratti hojjetamaniin jijjiiramoota dhufan caalaatti guddisuun, Malkaa Jabduu busaa irraa bilisa taate dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Doktar Tsigeredaa Kifilee gama isaaniitiin; dhibee busaa ittisuu irrattis ta'e dhaabbilee fayyaa hunda keessatti nama busaadhaan qabameef yaalli kennamaa jiru bu'aa jajjabeessaa fiduu isaa ibsaniiru. Hirmaannaan hawaasni dhibee kana ittisuuf taasisaa jiru cimaa dhufuu fi dhaabbilee fayyaa hunda keessatti qorichi farra busaa fi kiitiin qorannoo ariifataa akka guutamu ta'uun isaa tamsa'ina dhibee kanaa haala olaanaan hir'isuu dandeessiseera jedhaniiru. Baatiiwwan salgan darban keessa dhibee busaatiin kan lubbuun isaa darbe jiraataan tokkollee akka hin jirre eeranii, imala bu'a-qabeessa kana itti fufsiisuu fi Dirree Dawaa busaa irraa bilisa gochuuf xiyyeeffannoodhaan hojjeamaa jiraachuu kaasaniiru.
Ministeerichi sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti gama itti gaafatama hawaasaatiin hojiilee misoomaa hedduu raawwachaa jira
May 2, 2026 313
Ebla 24/2018(ENA) - Sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti itti gaafatama hawaasaa bahachuuf hojiilee misoomaa hedduu raawwachaa akka jiru ministeerri daldalaa fi walitti hidhaminsa hawaasaa ibse. Ministeerichi dhaabbilee itti waamamtootasaa waliin ta’uun manneen jireenyaa Baalee Roobeetti birrii miiliyoona 37 caaluun ijaarsise namoota dhadhaboo ta’aniif kenneera. Manneen jireenyaa ijaaraman 20 tokkoon tokkoonsaanii bu’urri misoomaa fi meeshaaleen hundaaf kan guutame ta’uun ibsameera. Ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii Dr. Kaasahun Goofee sirna eebbaarratti akka jedhanitti, dhaabbatichi sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti itti gaafatama hawaasummaa bahachuuf hojiilee hedduu raawwachaa jira. Kanneen keessaa naannolee biyyattii garagaraatti misoomaa fi tajaajiloota lammiirratti xiyyeeffate wal fakkaataa gaggeessuun hawaasa fayyadamaa gochuurratti akka argamu ibsaniiru. Guyyaa har’aa pirojektoonni Baalee Roobeetti ijaaramanii tajaajilaaf qaqqaban fakkeenya tattaaffii taasifamaa jiruu ta’uu himaniiru. Pirojektoonni kunneen rakkoo mana jireenyaa namoota dadhaboo furuun olitti, galmoota biyyaalessaa dame Kanaan qabaman gama milkeessuutiin qooda guddaa akka qaban dubbataniiru. Dabalataanis hojii tola ooltummaa ministeerichi gaggeessu caalaatti kan cimsanii fi kan itti fufan ta’uu kaasaniiru. Wayituma kana Dr. Kaasahuun Goofee mana kitaabaa dijitaalaa ofiisaanii fi qaamolee biro qindeessuun ijaaran mana barumsaa isaanii duraa mana barumsaa Roobee sadarkaa 2ffaaf kennaniiru. Ijaarsi mana kitaabaa kun dargaggootaa fi barattoota magaalichaaf aadaa dubbisuu caalaatti kan guddisu yoo ta’u, mul’ata ijoollummaasaanii milkeessuuf kan isaan dandeessise ta’uus ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee obbo Diinoo Amiin gamasaaniin, deeggarsa guddina magaalichaa fi namoota dadhaboo ta’aniif minidteerichi taasiseef galateeffataniiru. Magaalaa Roobee jiraattotaaf mijattuu fi wiirtuu daldalaa gochuuf tattaaffii godhamaa jiru keessatti gargaarsi ministeerichaa gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Fayyadamtoota misooma kanaa keessaa Sheh Aliyyi Kadirii fi adde Faaxumaa Abdallaa gamasaaniin, ijaarsi mana jireenyaa kun rakkoo mana jireenyaa waggoota dheeraaf qaban kan furu ta’uu dubbataniiru.
Bulchiinsi Nageenya sooromaa Sodaa Gara Carraa gaariitti jijjiireera - Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo
May 2, 2026 226
Ebla 24/2018 (ENA): Bulchiinsi Wabii sooromaa balaa bara dheeraa irraa gara invastimantii marsaa haaraatti ce'uu Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ibsaniiru. Bulchiinsi Wabii sooroma Hojjettoota Mootummaa guyyaa har'aa magaalota biyya keenyaa gara garaa keessatti gamoowwan ammayyaa ijaarsise eebbiseera. Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo eebba kana illachisee ergaa dabarsaniin,dhaabbatichi balaa bara dheeraa irraa gara invastimantii marsaa haaraatti ce’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi waggoota kurnan torba darbaniif nageenya hojjettoota mootummaa ta’us, fandii sooramaa sirnaan hojjachuu fi gara invastimantiitti jijjiiruu dadhabuun isaa yeroo dheeraaf yaaddoo ta’ee ture jedhani. Haa ta’u malee, xiyyeeffannoo addaa mootummaan ce’umsaa damichaaf kennee fi tarkaanfiiwwan haaromsaa inni fudhateen labsii fi dambiiwwan bulchiinsaa haaraa ragga’aniiru. Kunis balaa dhaabbatichi kanaan dura irra ture gara carraa gaariitti jijjiiruun, fandicha eeguu qofa osoo hin taane dameewwan invastimantii adda addaa irratti bobba’uu fi dinagdee biyya keenyaa keessatti hirmaataa cimaa akka ta’u taasiseera. Gamoolee ammayyaa har’a eebbifaman qabeenya meeshaa guddaa qabaniin alatti, firii hojiiwwan haaromsaa waggoota darban keessatti raawwatamanii fi abdii ifaa egeree ta’uu ibsaniiru. Filannoowwan invastimantii babal’isuu fi tajaajila isaa teeknooloojii dijitaalaatiin ammayyeessuun hojiiwwan misoomaa eegalaman gara fuulduraattis itti fufiinsa fandichaa mirkaneessuuf cimee itti fufuus hubachiisaniiru. Afyaa’iin kun deeggarsi mootummaan dhaabbatichaaf qabu gara fuulduraattis cimee akka itti fufu waadaa kan seenan yoo ta’u, qaamota milkaa’ina isaaf gumaachan hundaaf galata guddaa qaban ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Diinagdee
Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu Naamusa Industirii fi Duudhaa Hojii Haaraa dagaagsaa jira — Tajaajila Komuniikeeshinii Mootummaa
May 3, 2026 55
Ebla 25/2018(ENA)- Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu dandeettii teeknikaa bira darbee, naamusa industirii haaraa fi duudhaa hojii olaanaa uumuu keessatti gahee guddaa bahachaa akka jiru Tajaajilli Komuniikeeshinii Mootummaa beeksise. Kaka'umsa Ministira Muummee Doktoor Abiyyi Ahimadiin kan eegalame sosochiin Itiyoophiyaan Haa omishtuu,waarshaawwan 830 deebisee hojiitti galchuun, oomisha doolaara biiliyoona 4 tuqaa 85 biyya keessatti bakka buusuu fi gurgurtaa alaa (ekspoortii) irraa doolaara miiliyoona 433 galii gochuun, ce’umsa industirii dinqisiisaa galmeessisuunsaa ibsameera. Haa ta'u malee, mootummaan Itiyoophiyaa yeroo sochii kana jalqabu galmi isaa oomisha guddisuu fi sharafa alaa oolchuu qofa akka hin turre tajaajilichi ibseera. Tilmaama dinagdee bira darbee, milkaa’inni hunda caalu fi tarsiimoo’aan kan galmaa’e, humna namaa Itiyoophiyaa maddaa beekumsaa fi dandeettii taasisuu danda'u ijaaruu irratti akka ta'e eerameera. Har'a guddinni manifaakchariingii walitti qabama waarshaawwanii qofa ta'uun hafee, mana barumsaa gochaa(shaakalaa) bal’aa ogeeyyiin fi gaggeessitoonni dandeettii qaban kanneen Itiyoophiyaa boruu ijaaran keessatti horataman ta'uu danda'eera. Ce’umsi kun Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti dorgomaa kan ishee taasisu, dhiyeessituu meeshaalee callaa ta'uu irraa gara madda teeknoolojii fi dandeettii dhiyeessuutti kan ol guddisu ta’uu tajaajilichi beeksiseera. Kunis seenaa haaraa hundee Itiyoophiyaa boruutiif bu'uura kaa'u ta'uu tajaajilichi beeksiseera. Jijjiiramni qabatamaan Pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa, paarkota induustirii fi Waarshaawwan gurguddoo keessatti argame, cimina imaammata mootummaa gochaan kan mirkaneessu dha jedhameera. Kanaan dura dandeettii fi kaffaltii guddaan lammiilee biyya alaatiin qofa kan gaggeeffamaa turan, Siistemoota teeknoolojii wal-xaxoon, toorawwan oomishaa ammayyaa fi Bu'uraaleen misoomaa softiweerii, har'a guutummaatti injinaroota fi teeknishaanota dargaggoota biyya keessaatiin gaggeeffamaa jiru. Jijjiiramni beekumsaa milkaa'aan kun, mootummaan Imaammata qulqullina qabu bocuu qofa osoo hin taane, Imaammata qabatamaan gara hojiitti jijjiiruu fi raawwachiisuu irratti dandeettii guddaa qabaachuu isaa agarsiistuu ta’uun ibsameera. Dargaggoonni Itiyoophiyaa damee kana keessatti hirmaatanis carraa mijataa isaaniif uumame fayyadamuun, teeknoolojii fudhachuu qofa osoo hin taane, teeknoolojicha dhuunfachuu fi madaqsuu dandeettii qaban gochaan agarsiisaa jiru. Kanaanis Itiyoophiyaan hirkattummaa teeknoolojii waggoota dheeraaf qabdu dandeettii kalaqaa isaaniitiin hambisaa, duudhaa hojii fi boqonnaa seenaa haaraa barreessaa jiraachuu tajaajilichi ibseera. Sochiin "Itiyoophiyaan Haa Oomishu" dandeettii teeknikaa bira darbee, naamusaa induustirii fi duudhaa hojii haaraa ijaaraa jira. Lammiileen damee kana keessatti bobba'an Istaandaardii to'annoo qulqullinaa addunyaa, ittifayyadama yeroo cimaa fi dandeettii gaggeessummaa tarsiimawaa gonfachaa jiru. Hojjettoota sadarkaa gadii irraa ka’ee Kaampaniwwan addunyaa keessatti hanga sadarkaa murteessummaa olaanaatti kan gahan dargaggoonni, "oomishni gaariin" Itiyoophiyaan gabaa Addunyaatiif dhiyeessitu humna namaasaa ta'uu mirkaneessuun eerameera. Mootummaan firii ce’umsa industirii kana kan madalu callaa gurgurtaa alaan qofaan osoo hin taane, lammii oomisha danda'u, teeknoolojiin gonfate fi beekumsaan badhaadhe uumuu isaatiin ta'uu tajaajilichi beeksiseera. Sosochii dandeettii kana caalaa ariifachiisuuf damicha madda teekinooloojii taasuisuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman kutannoon akka itti fufan ibsameera.
Itiyoophiyaan wiirtuu anniisaa haaromfamuu danda’u Afrikaa ta’uuf imala ishee cimsitee itti fufteetti
May 2, 2026 212
Ebla 24/2018 (ENA): Itiyoophiyaan wiirtuu misooma anniisaa haaromfamuu danda’u ardii kanaa ta’u hundeessuuf imala taasifte keessatti bu’aa qabatamaa galmeessite cimsuu itti fufteetti jechuun Dhaabbanni Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise. Itiyoophiyaan madda anniisaa haaromfamuu danda’u keessatti dandeettii qabdu fayyadamuudhaan Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 galmaan ga’uu fi ardii kana humna ibsaatiin walqunnamsiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jirti. Waliigalteewwan gurgurtaa humnaa naannichaa yeroo ammaa hojiirra oolaa jiranis imalli biyyattiin gara badhaadhinaatti taasiftu bu’aa qabatamaa waliin ta’uu mirkaneessa. Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, Aayishaa 2 fi Asallaa milkiin xumuramuu fi hojiitti galchuun dandeettiin humni humna maddisiisuu biyyattii meeggaa waattii kuma 9 fi 752 ol gaheera. Akka ragaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa agarsiisutti bara baajataa 2018 ji’oota sagal jalqabaa keessatti humni humnaa sa’aatii giigaawaat kuma 24 fi 970 biyya keessaa fi ollaatti gurgurameera. Bara baajataa kana keessa Doolaarri Ameerikaa miiliyoona 366 gurgurtaa humnaa biyyoota alaa fi dhaabbilee teeknooloojiitiif taasifameen bu’aan argameera. Kunis bara bajataa darbee yeroo walfakkaatuun wal bira qabamee yoo ilaalamu doolaara Ameerikaa miiliyoona 138’n dabaleera. Daarektarri Kominikeeshinii Dhaabbilee Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Moogas Mokonnon ENA’tti akka himanitti, Itiyoophiyaan yeroo ammaa maddoota haayidiroo, qilleensaa, aduu fi ji’ooteermaaliin humna ibsaa maddisisti jedhani. Filannoo anniisaa daran babal’isuu fi dhiyeessii anniisaa haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus hubachiisaniiru. Mul’anni Itiyoophiyaan giddugala anniisaa haaromfamuu danda’u Afrikaa ta’uuf qabdu walitti hidhamiinsa bu’uuraalee anniisaa biyyoota ollaa waliin uumteen dhugoomsaa akka jiru ibsaniiru. Sudaan, Jibuutii, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa waliin hariiroo gurgurtaa humnaa eegaluu eeruun, kunis imaammata alaa biyyattiin wal-misoomsuu dhugoomsuu qofa osoo hin taane, walitti dhufeenya wal-amantaa irratti hundaa'e ni uuma jedhani. Sochiin kun hooggansaa fi gumaacha Itiyoophiyaan galmoota Ajandaa 2063 gamtaa Afrikaa walitti hidhamiinsa bu'uuraalee misoomaa galmaan ga'uuf qabdu kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Akkasumas galiin sharafa alaa gurgurtaa humnaa irraa argamu bu’uuraalee humnaa babal’isuu fi kunuunsuuf gargaarsa guddaa ta’uu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, baasii ijaarsa pirojektii humna qilleensaa Ayisha II dandeettii faayinaansii biyya keessaatiin kan uwwifame ta’uu eeruun, kunis carraaqqii dhaaqqabummaa anniisaa guddisuu fi dinagdee faalama irraa bilisa ta’e ijaaruuf taasifamaa jiruuf carraa guddaa ta’eera jedhani. Itiyoophiyaan galma gurgurtaa humnaa biyyoota ollaa irra darbee biyyoota gaanfa Afrikaatti babal’isuuf karoora bal’aa qabattee hojjechaa akka jirtus eeraniiru. Sudaan Kibbaa fedhii anniisaa bitachuu waan agarsiifteef waliigalteen mallattaa’ee sadarkaa ogeeyyiitti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Haaluma walfakkaatuun Somaaliyaanis fedhii anniisaa argachuu akka qabdu kan ibsan daayreektarichi, sarara humnaa biyyoota biroo fayyadamuun biyyoota daangaa hin qoodanneef anniisaa kennuuf karoorri akka jiru mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Zoonii dinagdee addaa Huwajiyaan keessatti bakka oomisha “Gobez Soolaar Seel” daawwatan
May 2, 2026 152
Ebla 24/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Finfinnee Zoonii dinagdee addaa Huwajiyaan keessatti bakka oomisha “Gobez Soolaar Seel” har’a daawwataniiru. Ministirri muummee DR, Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin, warshaan kun foramii walii galtee bara 2025 Itiyoophiyaa keessatti Invast godhaa (Invest in Ethiopia Forum) jedhuun mallatteeffame ka’umsa godhachuun doolaara miiliyoona 100’n ijaarsa boqonnaa jalqabaatiin kan hundeeffame ta’uu dubbataniiru. Deeggarsaa fi hordoffii bu’a qabeessa taasifameen baatii jaha keessatti kan dhugoome bakki oomishaa “Gobez Soolaar Seel” maashinoota ammayyaa fi teeknooloojiin kan hundeeffamedha jedhaniiru. Bakki oomishaa karee meetira 38 ta’u kun namoota hedduuf carraa hojii uumuusaa ministirri muummee ibsaniiru. Boqonnaa jalqabaatiin waggaatti giigaa waattii 2 oomishuu kan danda’u warshaan kun, fedhii anniisaa Itiyoophiyaan barbaaddu guutummaatti humna haaromfamurraa gochuuf mul’ata biyyaalessaa eegalame dhugoomsuuf humna dabalataa uumusaa ibsaniiru. Paarkii industirichaa keessatti kan argamu kophee kan oomishuu fi buufata elektiriikii nuusaa ilaaluusaanii ergaa barreessaniin ibsaniiru.
Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata dhufu ifatti banama
May 1, 2026 358
Ebla 23/2018 (ENA)- Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata Ebla 25 bara 2018 Finfinneetti ifatti akka banamu ministirri Industirii Malaakuu Allabal beeksisan. Industiriiwwan rakkoolee isaan mudachaa ture sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuutiin sadarkaa sadarkaan akka furamanii fi dandeettiin oomishuu isaanii akka dabalu taasifamuu mninistirichi ibsa isaanii keessatti kaasaniiru. Eksipoon Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan mata duree “birmadummaa hunda galeessaaf Itiyoophiyaan haa oomishtu” jedhuun Ebla 25-30 bara 2018tti akka gaggeeffamu ibsanii, oomishoota Itiyoophiyaa beeksisuu fi carraalee gabaa dabalataa bal’isuun kaayyoo ijoo Eksipoo kanaati jedhan. Walitti hidhaminsa gabaa uumuu fi qulqullina oomishaa fooyyessuufis qooda guddaa ni qabaata jedhaniiru. Kalaqa jajjabeessuunis kaayyoo Eksipoo kanaa keessaa isa tokko ta’uu eeranii, cehumsa teeknooloojii fi muuxannoo wal jijjiiruu uumuunis galma isa ijoo ta’uu dubbataniiru. Walii galteewwan daldalaa 850 Eksipoo kanarratti akka taasifaman eeranii, bittaa fi gurgurtaan birrii biiliyoona shanii ol ni raawwatama jedhamee akka akka eegamu eeraniiru. Eksipoo wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti guyyoota shaniif gaggeeffamu kanarratti namoonni biyya keessaa fi biyya alaa kuma 150 caalan akka argaman ibsameera. Eksipoo Itiyoophiyaan haa oomishtuu Kanaan oomishoota beeksisuun gamatti mariileen paanaalii garagaraa, dorgommiiwwan misooma oomishaa, industiriiwwan raawwii fooyya’aa qabaniif sagantaa beekkamtii fi sagantaaleen biroon akka raawwataman ibsa Kanaan eerameera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistiitiyuutiin Qorannoo kun Qorannoo Medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesiseera
May 3, 2026 33
Ebla25/2018(ENA):-Kompileeksiin Laaboraatoorii Qorannoo Ammayyaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti ijaarame, qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesise giddugala madaallii olaanaa (excellence center) ta'uu isaa Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ibsaniiru. Minstirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad dhaabbaticha wayita eebbisan akka jedhanitti, dallaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti giddugalli ammayyaa ijaarame kun, ijaarsa bu'uraalee misoomaa irra darbee, Itiyoophiyaa of dandeesse fi fayyaalessa taate dhugoomsuuf kan hojjatu giddugala beekumsaa olaanaadha. Dhaabbatichi qorannoo gara imaammataatti, kalaqa immoo gara furmaata qabatamaatti jijjiiruun, oomisha qorichaan of danda'uuf, nageenya fayyaa fulla’aa mirkaneessuu fi hunda caalaa immoo milkaa'ina hanga ammatti galmeessisne caalaatti guddisuuf tarkaanfii guddaa gargaarudha jedhanii ibsuun isaanii ni yaadatama. Gidduugalli kun Ikkooloojii Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa kan banu dhaabbata qorannoo ammayyaa ta'uusaas mirkaneessaniiru. Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ENA’f akka ibsanitti, inistiitiyuutichi qorannoo dhukkubootaa, qorannoo laaboraatoorii fi sodaa fayyaa dhibeewwan weeraraa ka'an adda baasuuf dandeettii biyyaalessaa guddaa ijaareera. Dhaabbatichi teeknoolojii ammayyaa fi humna namaa leenji'een deeggaramee hojii qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu hojjachaa akka jiru eeraniiru. Kompilaaksiin qorannoo dhiheenya kana eebbifame bu'uraalee misoomaa Laaboraatoorii Ammayyaa fi humna namaa leenji'e kan hammate ta'uusaa ibsuun; sadarkaa qorannoo wal’aansa Itiyoophiyaa keessa jiru guddisee jira jedhaniiru. Dandeettiin dhukkuboota haaraa fi turan sirriitti adda baasuu isaa damee yaalaatiif deeggarsa guddaa gochaa jira jedhaniiru. Dhukkuboota akka weeraraatti ka'an qorannoon xiinxaluu fi adda baasuuf, akkasumas nageenya fayyaa uummataa eeguuf qophaa'ummaasaa cimsuu isaa daarektarri olaanaan kun eeraniiru. Toftaaleen qorannoo inistiitiyuutichi hordofu sadarkaa addunyaa kan eege ta'uun isaa Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane, Naannoo Gaanfa Afriikaatiifis faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Kompilaaksiin laaboraatoorii haaraa kun Laaboraatooriiwwan hedduu walitti kan qabate fi dandeettii biyyaalessaa guddaa kan uume ta'uu ibsuun; keessumaa dandeettiin xiinxala sanyii (Genetic analysis) gaggeessuu isaa qorannoowwan kanaan dura biyya alaatti ergamanii hojjetaman biyya keessatti akka hojjetaman kan taasisudha jedhaniiru. Giddugala kana keessatti hojiiwwan qorannoo fi xiinxala adda addaa dandeettii biyya keessaan hojjechuuf kan dandeessisan teeknoolojiiwwan ammayyaa adda addaa guutamuu isaanii ibsuun; amma sadarkaa Itiyoophiyaa irra darbee biyyoota Afriikaa tajaajiluu dandeessisuun hojiin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Dhaabbatichi jalqaba irratti dhukkuba lamxii /gogaa/ (leprosy) ittisuu fi to'achuuf kan hundeeffame ta'us, amma irratti dhukkuba Tiibii (TB) qoricha barate, busaa fi hojiiwwan qorannoo biroo hedduu gaggeessaa jira. Qorannoon alatti, qorichoonni biyya keessatti oomishaman qulqullina isaanii kan eeggatan akka ta'an gochuuf hojiin qorannoon adda baasuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Giddugalni qorannoo kun Laaboraatooriiwwan 40, kutaa jinoomiksii (genomics) fi baayio-infoormatiksii (bioinformatics) olaanoo, akkasumas giddugala baayio-Ikuuwiivaalensii (bioequivalence) qorichoota biyya keessatti oomishaman qulqullinaa fi dandeettii isaanii mirkaneessu kan hammateedha. Itiyoophiyaa fi guutuu Afriikaa keessatti babal'ina Ikkoosiistemii saayinsii fi ijaarsa dandeettiitiif madaallii haaraa kan kaa’e dhaabbatichi, iddoowwan leenjii fi qorannoof ramadaman qabachuu isaa ibsameera.
Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa, tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’eera
May 2, 2026 253
Ebla 24/2018 (ENA): Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’uu isaa itti aanaa ministira muummee duraanii fi eegaan olaanaa Amaanaa waldichaa obbo Dammaqaa Mokonnon himaniiru. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2004 kan hundeeffame yoo ta’u, yaa’ii Waliigalaa 21ffaa isaa gaggeessaa jira. Obbo Dammaqaa Mokonnon waltajjicharratti argamuun ergaa adabarsaniin, Waldaan kun qajeelfama Itiyoophiyaan dhaloota saayinsii ni ijaarti jedhu hojiirra oolchuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhani. Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutannoo mootummaatiin dhaabbileen akka Saayinsii Hawaa fi Inistiitiyuutii Ji’oospaasii guddina saayinsiitiif murteessoo ta’an haala qindaa’een hundeeffamaniiru jedhan. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa dargaggoota saayintistootaa fi astiroonoomaroota sadarkaa idil-addunyaatti beekamoo ta’an oomishuu himaniiru. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti dargaggoota hedduu oomishuu fi hojiiwwan qorannoo abdachiisaa ta’an raawwachuu isaa hubachiisuun, sadarkaa addunyaatti dorgomtummaa isaa mirkaneessuuf hojiin dabalataa hojjetamuu akka qabu dubbataniiru. Warraaqsa dijitaalaa fi guddina hubannoo namtolchee waliin tarkaanfachuuf qonni saayinsii murteessaa ta’uu ibsuun, qophiin yeroon taasifamuu qaba jedhaniiru. Dargaggoota saayinsii fi astiroonomiitiin humneessuuf tattaaffiin taasifamu cimee biyyoota guddachaa jiran waliin damee kanaan qaawwa jiru dhiphisuu akka qabus hubachiisaniiru. Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Dr. Yishiruun Alamaayyoo akka ibsanitti, Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa guddina saayinsii hawaatiif imaanaa guddaa akka ta’e ibsaniiru. Saayinsiin hawaa dhimma birmadummaa, wabii nyaataa, dippilomaasii, fayyaa fi siyaasa idil-addunyaa ta’uu hubachuun, Saayinsii hawaa malee jiraachuun akka hin danda'amne ibsaniiru. Saayinsiin hawaa dinagdee fi jiraachuu biyyattii itti fufsiisuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhaabbileen adda addaa hawaasni dargaggoota misoomsuuf tattaaffii taasisaa jiru deeggaruun tumsaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusudha-Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
May 1, 2026 329
Ebla 23/2018 (ENA)- Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusuu fi hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjete teeknooloojii miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aa ifatti hojii eegalchiiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii kan si’achiisudha. Teekinooloojiin kun iftoomaa fi itti gaafatama kan buusu akkasumas hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu dubbataniiru. Murtee kennuufis gumaacha olaanaa akka qabu eeranii, akkasumas deebii hatattamaa kennuuf gargaaruudhaan dhaabbatichaaf humna guddaa akka uumu dubbataniiru. Kun ammoo guddina damichaaf gumaacha guddaa kan gumaachu ta’uu ibsanii, teekinooloojichi hojii akka eegalu qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa ittisuuf qooda guddaa qaba
May 1, 2026 272
Ebla 23/2018 (ENA)- Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuu fi qooda guddaa akka qabu daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanoot Zallaqaa ibsan. Sirni jalqabsiisa teeknooloojii sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’a Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjetee gaggeeffamaa jira. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Teeknooloojiin miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojiirra akka oolu godhamuunsaa hojiilee abbaa taayitichaa fi damichaa gara boqonnaa ammayyaa isa haaraatti kan ceesisu ta’uun ibsameera. Daarektarri olaantuun abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa wayita kana akka jedhanitti, teeknooloojiin kun ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uuf gumaacha guddaa qaba. Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii hordoffii fi to’annoo miidiyaalee akka ammayyeessu ibsanii, sirna dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtuun kan wal simdha jedhaniiru. Hubannoo nam-tolcheen deeggaramuun tamsaasa odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuuf hojii hojjetamu bu’a qabeessa akka taasisu eeraniiru. Miidiyaaleen seera qabeessa ta’uusaanii mirkaneessuu fi sirna hordoffii fi to’annoo ifaa ta’e damee kanarratti gama diriirsuutiin qooda murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa Dr. Warquu Gaachanaa, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee kaasee hubannoon nam-tolchee hundaaf yaada jedhuun hojjechaa akka jiru eeraniiru. Hojmaata miidiyaalee ammayyeessuun qooda irraa eegamu bahachaa akka jiru ibsaniiru. Teeknooloojiin reegulaatoorii miidiyaa fi bulchiinsaa har’a ifoome gumaachi damee kanaaf gumaachu olaanaa ta’uusaa himaniiru.
Ispoortii
Finfinneen dorgommii biskileetii idil addunyaa keessummeessuufi
Apr 28, 2026 1073
Ebla 20/2018 (ENA): Dorgommiin biskileetii idil-addunyaa siitii maawunteen baayik iliminaator UCI (City Mountain Bike Eliminator) jedhamu,kan biskileetii biyyoota addunyaa mara irraa dhufan hirmaachisu , Ebla 24 fi 25, 2018 Finfinneetti gaggeeffama. Gamtaa Biskileetii Idil Addunyaa (UCI)’n beekamtii kan argatee fi addunyaa irratti jaalala guddaa kan horate "City Mountain Bike Eliminator Pro League" seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf Afrikaa, Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffama. Dorgommiin kun naannoo Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgommii kana irratti namoonni biskileetii addunyaa mara irraa dhufan hedduun akka hirmaatan Waajjirri Kantiibaa beeksiseera. Dorgommiin kun kallattiin chaanaalii televijiinii adda addaa addunyaa irratti kan tamsa’u yoo ta'u, daawwattoonni miiliyoona 20 ol ni daawwatu jedhamee eegama. Finfinneetti bu’uuraaleen ispoortii babal’achuun magaalattiin dorgommii ispoortii idil-addunyaa keessummeessuuf magaalaa filatamaa akka taatu ishee taasiseera jedhe waajjirichi. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota darban keessa bu’uuraalee ispoortii hedduu ijaaruun dameen ispoortii dhalootaa fi dinagdee ijaaruu keessatti gahee isaa akka ba’u taasisuu isaa odeeffannoon waajjirichaa ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Maanchistar Yunaayitid Bireentifoordi waliin taphata
Apr 27, 2026 450
Ebla 19/2018 (ENA): Tapha xumuraa torbee 34ffaa Piriimiyerliigii Ingiliiz har'a Maanchistar Yunaayitid fi Bireentifoordi gidduutti taphatama. Taphi gareewwan lamaan gidduutti taasifamu har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Istaadiyeemii Ooldiraafoorditti taphatama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 58’n sadarkaa 3ffaa irra jira. Morkataan isaa Bireentifordi qabxii 48’n sadarkaa 9ffaa irratti argama. Gareen lamaan liigii kanaan yeroo 10ffaaf kan wal arganiidha. Taphoota sagal darbaniin Maanchistar Yunaayitid yeroo shan yoo injifatu, Bireentifoordi ammoo yeroo sadii injifateera. Tapha hafeen qixa bahaniiru. Liigii shanan darban waliin taphatan irratti, lamaan isaanii yeroo lama injifachuun al tokko qixa ba'aniiru. Bireentifordi taphoota liigii lamaan darban Yunaayitid waliin taphateen injifateera. Tapha 33ffaa irratti Cheelsii 1 fi 0’n injifate Maanchistar Yunaayitid taphoota liigii shanan darban yoo injifate carraa Chaampiyoonsi Liigii darbuu ni qabaata. Taphoota liigii shanan darban qixa bahee kan ture Bireentifoordi gara injifannootti deebi'ee Awurooppaa keessatti bakka isaa mirkaneessuuf kan taphatu ta'a. Abbaan murtii ganna 40 Kiriis Kaavaanaag tapha kana abbaa murtii onaanaa ta’uun ni gaggeessu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan irratti 2ffaa bahuun xumureera
Apr 26, 2026 1061
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan baay’ee eegamaa tureen sadarkaa lammaffaa ba’eera. Dorgommii Maaraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaate atileet Yoomiif Qajeelchaan sa’aatii 1:59.41’n sadarkaa lammaffaa ba’eera. Atileetiin lammii Keeniyaa Sabestiyaan Saw sadarkaa tokkoffaan yoo xumuru, lammiin Yugaandaa Jaaqoob Kiplimoo immoo 3ffaa bahuun xumureera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan injifatte
Apr 26, 2026 1029
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan irratti baay’ee eegamaa ture injifatteetti. Dorgommii Olompikii Paaris meedaaliyaa meetii kan argatte Tigisti Asaffaan dorgommii dubartootaa Maraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo lammataaf walitti aansuun injifatte. Fiigicha kana atileet Tigisti Asaffaan sa’aatii 2:15:41’n injifattee, atileet Keeniyaa Helen Obiriin lammaffaa, atileetiin Keeniyaa kan biraa Joyseliyin Jepkosgi ammoo sadaffaan xumurteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa Fakkeenyummaan kan eeramudha
May 3, 2026 49
Ebla25/2018(ENA):- Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa fakkeenyummaan kan eeramuu fi qabatamaa akka ta'e, Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuutii Guddina Magariisa Addunyaa (GGGI) fi Itiyoophiyaatti Qindeessaan haala Qilleensaa Jijjiirama,Sirna Nyaataa fi Niiwutiriishinii ibsan. Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuuticha Okeechukuu Dani’eel Ogibonayaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaan dhibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuun guddinni isheen galmeessisaa jirtu, Riijinicha misoomaan walitti hidhuuf humna dabalataa uumaa jira. Misoomni Dinagdee Magariisaa kun, gadi lakkifama kaarboonii hir'isuun, Carraa hojii babal'isuu fi Invastimantii hawwachuuf humna dabalataa uumuun isaa, muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu eeraniiru. Biyyattiin misooma anniisaa haaromfamuu kanneen akka Bishaanii, Bubbee fi aduun invastimantiiwwan gurguddoorratti gochaa jirtu, dinagdee jijjiirama qilleensaatiin hin sarbamne ijaaruuf akka ishee dandeessisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Qindeessaan Qilleensaa Jijjiirama, Sirna Nyaataa fi Niiwtirishinii Dooktor Kaffaalanyi Geetaahuun gama isaaniitiin, Misoomni Dinagdee Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, guddina jijjiirama qilleensaa giddugaleeffate ijaaruuf akka ishee dandeessisu eeraniiru. Kanaafis sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuu fi hojiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii oomishtummaan akka dabalu gargaaruu isaa kaasaniiru. Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti rakkoo sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufe dandamachuuf humna ishee ijaaraa akka jirtu qindeessaan kun ibsaniiru. Itiyoophiyaan naannichaa misooma waliiniitiin walitti hidhuuf hojii isheen eegaltee jirtus kan jajjabeeffamu ta'uu isaa dabalanii ibsaniiru.
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 622
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan. Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 396
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan. Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaa, akka biyya keessummeessituu COP32tti
Apr 17, 2026 994
Koree Biyyaalessaa ifatti hundeessuun qophii ishee eegalteetti. Adeemsa kana kaayyoo ifa ta’ee fi mul’ata guddaa qabatanii akka hoogganan hoggansa ijoo muudnee jirra. Kana hordofuun caasaan Pirezidaantummaa COP hojiiwwan dursa kennuuf qindoominaa fi bu’a qabeessa ta’an jalqabeera. Walgahii har'a Koree Biyyaalessaa waliin taasifneen, hojiiwwan hanga ammaatti dameewwan adda addaatiin hojjetaman gamaaggamuun, qaawwa jiru adda baasuun, carraaqqiin keenya hundi mul’ata biyyaalessaa keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu fi dhiisuu isaa qoratameera. Gamaaggama bira darbee gara fuulduraatti kallattii waloo kaa'annee jirra. Xiyyeeffannaan keenya ifaadha; sagantaa idil-addunyaa kana tumsa cimaa, mul’ata tokkummaafi kutannoo walootiin olaantummaadhaan keessummeessuun guddummaa biyyattii agarsiisuufidha. Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad #Ena Afaan Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 3080
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 11081
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.