Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gara kutaa Magaalaatti babal’isuuf hojiiitti galameera
Dec 23, 2025 4
Mudde14/2018(ENA)– Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Sadarkaa Magaalaatti kennamaa jiru gara kutaa Magaalaa 12tti babal’isuuf hojiitti galamuun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggar dabalatee Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmatti eegalamee tajaajila si’ataa fi Ariifataa kennuu eegaluun ni yaadartama. Magaala Shaggaritti Sanbataa fi sa’aatii laaqanaa dabalatee guyyaa hojii mootummaa hundatti tajaajila kennaa jiraachuu ibsameera. Hojii gaggeessaan Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa shaggar Mokonnon Ambee ENA waliin turtii taassisaniin akka ibsanitti, tajaajilli Masoob sadarkaa magaalaatti eegalame hojiin bababl’isuu eegalamuu ibsaniiru. Tajaajilicha Bulchiinsa Magaalichaa jala kan jiran Kutaawwan Magaalaa 12tti hawaasaaf qaqqabsiisuuf hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti wiirtuun hojiitti gale dedeebbii maamilaa hir’isuurra darbee tajaajila si’ataa kennuu kan danda’e ta’uu dubbataniiru. Giddugalichi tajaajila erga eegalee asitti tajaajilamtoota kuma 23 fi 800 ol gara gidduugalichaa kan dhufan yoo ta’u isaan keessaa lammiileen kuma 21 fi 500 ol tajaajila saanii yeroo gabaabaatti xumurachuu danda’aniiru jedhaniiru. Gidduugalichi hojii eegaluun tajaajilawwan bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti fiduun danda’amuu fi gama saffisaan milkaa’inni galmaa’eera jedhaniiru. Kanarra darbee tajaajila teekinooloojiin kennuu danda’uu kan ibsan hogganaan kun kunis itti quufinsa maaamilaa guddisuuf gargaaruu ibsaniiru. Baatiiwwan 3 fuulduraa keessatti kutaawwan magaalaa 12nitti tajaajilicha eegalchiisuuf qooda fudhattoota waliin hojiin qindoominaa cimaan hojjetama jedhaniiniiru. Sadarkaa kutaa magaalaatti tajaajilicha babal’isuuf kutaawwan magaalaa 12tti gamoowwan tajaaajila kennan 5 keessatti hojiin qophii taassisuu hojjetamuusaa ibsaniiru. Dabalataanis Buraayyuu, Xaafoo,Sabbataa fi naannoo Galaanitti gamoon abbaa darbii Afurii adda bahanii sochii eegaluu eeruun, bifa haaraan immoo Furii, Noonnoo, Galaan guddaa, Gujee, Kuraa Jiddaa, Kooyyee fi Mana abbichuutti hojiin bakka adda baasuu hojjetamuu ibsaniiru. Kanarra darbee itti fayydama teekinooloojii fi naamusa waliin wal-qabatee humna namaa gahoomee fi dorgomaa guuttachuu fi hojiin leenjii kennuu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025n Damee Dijiitaalaan milkaa’inoonni hedduun kan itti  galmaa’anidha 
Dec 23, 2025 6
Mudde14/2018(ENA)– Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025n Damee Teekinooloojii Dijiitaalaan milkaa’inoonni hedduun kan itti galmaa’ani ta’uu ogeeyyiin damichaa Naannoo Harariitti dhaabbilee adda addaatti hojjetan ibsan. Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 milkaa’inaan Xumuramee Jalqabsiisni Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti ifatti eegalchiifamuun ni yaadatama. Dijiitaala Itiyophiyaa 2025n dijiitaalayizeeshinii babal’isuu fi tajaajila tutuqqa waraqaarra bilisa ta’e kennuurratti biyyattiitti hojiiwwan hedduun kan hojjetaman karoora milkaa’e dha. Keessumaa Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob,Waraqaa eenyummeessaa Faayidaa, Maallaqa Dijiitaalaan daddabarsuu, Leenjii Itiyoo-Koodarsii,hubannoo-namtolcheen, nageenya saayibarii fi dameelee biroon hojiin milkaa’inaa galmaa’uusaa ibsaniiru. Naannoo Hararaiitti Ogeeyyiin damichaa dhaabbilee adda addaan hojjechaa jiran Dijiitaalli Itiyioophiyaa 2025 damee teekinooloojiin Milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu ENA’f ibsaniiru. Naannoo Haraariitti Masoob - Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ogeessi Infoormeeshin koomunikeeshinii Saamii Ahimad akka ibsanitti Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 jijjiirama kan fidanii fi hojiiwwan jijjiiramaa dhiibbaa geessisan raawwatamaniiru jedhaniiru. Keessumaa bu’aa Dijiitaalayizeeshinii kan ta’e Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo akka ammayaa’u ta’uu ibsuun, hojiiwwan hubannoo namtolcheen hojjetan magaalota miidhagsuu danda’uu ibsaniiru. Teekinooloojii Dijiitaalaa Misoomsuun, Ammayyeessuu fi dhaqqabamaa taassisuurratti hojiiwwan mootummaan hojjete biyyittii teekinolojii fudhachuurraa gara kalaquutti kan ceesise ta’uu ibsaniiru. Teekinooloojii Dijiitaalaa 2030 hojiiwwan teekinoloojii biroon fakkeenya ta’an akka hojjetaman kan eegamu ta’uu ibsaniiru. Akka biyyatti Itiyoophiyaan Dijiitaala 2025 yeroon milkaa’inaa hedduu hojjettee dabarsiteeti jechuun Ejensii koomunukeeshinii fi teekinooloojii Miidiyaa Hararii Hamdii Ramzii ibsaniiru. Teeleebirri fi daddabarsa maallaqaa Dijiitaalaa biroon tajaajiloonni kennamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Damee Barnootaan leenjii Itiyoo Koodarsii miiliyoona 5 kan kaasan ogeessi kun lammiileen beekumsa teekinoloojii barbaadan akka argatanii fi damee qonnaan odeeffannoo dhaqqabamaa taassisuun hojiin qonna ammayyeessuu akka milkaa’uu danda’uu ibsaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun kunis Mallaammaltummaa fi burjaajjii kan hir’isee fi fuldurattis Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 kanaa ol akka irraa eegamu eeraniiru. Naannoo Haraariiti Ogeessii Infoormeeshin Koomunukeeshinii Masoob Tajaajila Wiirtuu tokkoo Dasee Ahimad, Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025n milkaa’inoota galmaa’an keessaa waraqaan eenyummeessaan faayidaa tokko ta’uu dubbataniiru. Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025n neetti woorkiin 4Jii fi 5jii diriirfamuu akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun , lammiileen carricha fayyadamuun beekumsa teekinooloojiin biyyaa fi mataasaanii fayyaduu eegaluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina teekinooloojii Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 tattaaffii fi saffisa mootummaan akka ta’e eeruun Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 milkaa’aa akka ta’u muuxannoowwan baroota darbanirraa mirkaneeffachuun akka danda’amu dubbataniiru.
Garaagarummaan Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi mootummaa ida’amuu bu’aa galmeessisaa jira
Dec 23, 2025 11
  Mudde 14/2018(ENA)- Garaagarummaan yaadaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi Mootummaa Ida’amuu bu’aa galmeessisaa jiraachuu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan. Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, Mootummaan Ida’amuu nageenya mirkaneessuuf karaa nagaa qofa ta’uu akka qabu ejjannoo qaba. Itiyoophiyaanonni daandii nagaa itti buusan, wal dhabdee ittiin furan duudhaalee kan mataa isaanii qabaachuu eeruun, duudhaaleen mandhalee siyaasaa fi hawaasummaa guddachuu akka qaban himaniiru. Hawaasni rakkoolee karaa ittiin furanii fi nageenya buusan, tokkummaa kan ittiin cimsani, biyya kamirraayyuu kan hin fudhaatamne muuxannoo waggoota dheeraa lakkoofsise qabu jedhan. Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu ilaalcha beekumsa mandhalee fi duudhaalee hawaasaa itti dhimma bahuun ijaarsa nageenyaa keessatti itti fayyadamuu qaba kan jedhu ijjannoo qaba jedhani. Mootummaan Ida’amuu nagaatti waan amanuuf qaamolee nageenya barbaadan waliin nagaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru. Qaamoleen nageenya lammiilee Itiyoophiyaa hin barbaanne akka jiran ibsuun, nageenya waaraa ijaaruuf karaa nagaa filachuun akka barbaachisu dhaamaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Mootummaan Ida’amuu nageenyi waaraa kan argamu karaa nagaa qofaan akka ta’e cimsee akka amanu eeruun, duudhaalee mandhalee hawaasaa gara imaammataa fi tarsiimootti jijjiiruun nageenya waaraa mirkaneessuun ijjannoo isaa akka ta’e ibsaniiru. Kanaanis karaa nagaan yaada ammayyaa’aa fi fudhatama qabu hojiirra oolchuun nageenya waaraa mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu bu’aan qabatamaan argamaa jira jedhani.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaase
Dec 23, 2025 10
Mudde 14/2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaaseera. Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee 5ffaa bara hojii 5ffaan gaggeesseera. Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo wixineen labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi Kuwaaraantaayinii oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Wixineen labsii kun ilbiisa biqiltuu midhaanirratti uumamu sirna hojmaataa dursanii ittisuu diriirsuudhaan qisaasa midhanii hir’isuun oomishtummaa midhaanii dabaluudhaan oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee gamasaaniin, Itiyoophiyaan bqiltuu fi lubbu qabeeyyii hedduu qabaattus hammattoo seeraa qabeenya uumamaa qabdu sirnaan itti fayyadamuuf gargaaru hin qabdu ture. Kunis hmmattichi boodatti hafaa fi to’annoof mijataa waan hin taaneef labsii kana fooyyessuun barbaachisuunsaa ibsameera. Wixineen labsii kun dhiibbaa sababa ilbiisaa fi aramaa biqiltuurratti mudatuun oomishtummaa qonnaarratti qaqqabu sirna to’annoo cimaatiin ittisuuf akka gargaaru himaniiru. Wixineen labsii eegumsa biqiltuu fi kuwaaraantaayinii kun waliigalteewwan eegumsa biqiltuu idil addunyaa ka’umsa godhachuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Wixineen labsii kun Itiyoophiyaan qabeenya biqiltuu qabduuf kunuunsa barbaachisu gochuun fayyadama dinagdee guddisuuf dandeettii uumuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensonni mana maree wixinee labsii kanarratti yaada kennuun sagalee guutuun raggaaseera. #ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin wal quunnamtu turte gaafachuun ishee kan seerri deeggarudha- Hayyoota
Dec 23, 2025 43
  Mudde 14/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin ittiin wal quunnamtu turte gaafachuun kan seerri deeggaru ta’uu hayyoonni hubachiisani. Hayyoonni ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii dhalootaa waan ta’eef ciminaan itti fufamuu kan qabu dha. Yunivarsiitii Asoosaatti diinii fi Qorataan Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa doktar Abbabaa Aannoo akka jedhanitti; Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kanaan dura biyyoota addunyaa waliin walqunnamtu akka qabaattu gaaffiin gaafattu dhimma bu’uuraa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba. Kanaan dura ulaa galaanaa isheen biyyoota alaa waliin daldalaan, daawwannaan akkasumas hojiilee birootiin hariiroo cimaa qabdu turte eeruun, kanas seenaan ragaa ta’uu himaniiru. Haata’u malee waggoota 30 as ulaa galaanaa ishee shira siyaasaan dhabuun kan nama gaabbisiisuu fi gaddisiisu dha jedhan. Ulaa galaanaa ishee dhabdee osoo jirtuu akka waan homtuu hin’uumamneetti callisuun sirrii akka hin taane ibsuun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu itti amanamee ifaajii dhaloota ammaatiin tattaaffiin jalqabame murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya aadaa fi uummata guddoo qabdu akka isheen ulaa galaanaa hin qabaanne seerri dhorku hin jiru kan jedhani immoo Yunivarsiitii Yuniitiitti Barsiisaa Hooggansaa fi Hariiroo Idil Addunyaa doktar Geetiyyee Tirfeedha. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gaaffiin kuni seeraanis, seenaanis akkasumas uumama haala teessuma lafaanii fi seera idil addunyaatiinis fudhatama kan qabu ta’uu dubbatan. Yunivarsiistii Wachaamootti barsiissaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Mulu’alam H/Maariyaam gama isaaniin ulaan galaanaa bu’aalee hedduu qabu gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu murteessaa dha jedhan. Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa, qorataa siyaasaa Afrikaa Bahaa fi barreessaa Daawit Masgabee gama isaaniin sababni Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee dhabdeef shira akka ta'es dubbatan. Ulaan galaanaa nageenya riijinichaa fi hariiroo hawaasaa cimsuuf shoora olaanaa waan qabuuf milkaa’ina isaaf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhan.
Ergamaa fi dirqamoota biyyoolessaa nutti kenname gootummaan bahachuuf qophiidha- Eebbifamamtoota Miseensota Komaandoo Addaa
Dec 22, 2025 164
  Mudde 13/2018(ENA)- Nageenya biyyaa fi ummataa eegsisuuf dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaan bahachuuf qophii ta’uu isaanii ibsan Miseensonni koomaandoo addaa eebbifaman. Poolisiin Itiyoophiyaa seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf miseensota humna komaandoo addaa kan akkaadaamii Poolisii Giddugala Leenjii Awaashitti leenji’an Kaleessa, bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti eebbiseera.   Humni Komaandoo Addaa kun beekumsaa fi gootummaadhaan oppereeshiniiwwan akka raawwatus himameera. Miseensonni eebbifamtoota komaandoo addaa biyyaa fiuummata isaanii gootummaanii fi namummaadhaan tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Konistaabil Miikiyaas Gabayyoo,konistaabil Mirtinash Takkaa fi konistaabil Abdii Tafarraa yaada isaanii ENAf kennaniin, leenjiin fudhatan leenjii jabeenya qaamaa qofa osoo hin taanee kan bilchina sammuu fi ogummaa oppereeshinii ta’uu dubbataniiru.   Haaluma kanaan ergama biyyaalessaa kamiyyuu gootummaan hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Leenjiin kunis ergama biraaf kan nama qopheessu ta’uu dubbataniiru. Biyyaa fi ummata badii kamirraayyuu eeguuf hanga wareegama lubbuutti qophii ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni kunneen dargaggoonni Itiyoophiyaa kaanis fakkeenya isaanii hordofuun biyya isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.   Eebbifamtoonni kunneen kutaalee biyyattii hundarraa kan walitti dhufan waan ta’eef, yeroon leenjiirra turan, yeroo tokkummaa Itiyoophiyaa qabatamaan itti argan ta’uu himaniiru.  
Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an marii ummataatiin kaafamaniiru-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Dec 21, 2025 247
Mudde 12/2018 (TOI)- Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an waltajjii ummataa magaalaa Miizaan Amaanitti gaggeeffamerratti bal’inaan kaafamuusaanii hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama. Mariiwwan ummataa gaggeeffaman ilaalchisuun hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo Biroon ibsa kennaniiru. Hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana marii ummataa naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa magaalaa Miizan Amaanitti taa’ame gaggeessuusaanii dubbataniiru. Namoonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa dhufan dargaggoonni, dubartoonni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonnii fi hojjettoonni mootummaa marii cimaa taasisuusaanii ibsaniiru. Hirmaattonni kunneen hojiiwwan hojjetaman dinqisiifachuusaanii fi wantoota sirraa’uu qabanis kaasuusaanii eeraniiru. Labsiiwwan Gubaa dabalatee dhimma ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa akka mikaa’an yaada bal’aa kaasuusaanii dubbataniiru. Yaadonni kaafaman kunneen ammoo gaabbii fi kaka’umsa caalu kan uuman waan ta’eef, hojiilee fuuldura akka biyyaatti hojjetamaniif galaa fi humna waan ta’aniif galtee ta’uun fudhatamu jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuutiin Nageenyaa fi Misooma Gaanfa Afriikaaf shoora adda durummaashee bahaa jirti
Dec 20, 2025 221
Mudde11/2018(ENA)- Itiyoophiyaan yaadama Ida’amuutiin Gaanfa Afriikaa jijjiiramaa ta’e keessatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf qooda adda durummaashee bahaa jiraachuu Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el ibsan. Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el (POA) waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan Biriiksitti(BRICS) tumsa gam hedduun sagalee Afriikaa dhageessisuuf hirmaannaa guddaa taassiaa jiraachuusee dubbataniiru. Haalli teessuma Gaanfa Afriikaa sochii daldalaaf mijattuu ta’uu kaasuun, sochiin daldala Addunyaa dhibbantaa 30 kan adeensifamu riijinii kana keessatti kan raawwatamu ta’u dubbataniiru. Riijinichi fedhiin qaamolee hedduu kan keessa jiru ta’uu Itiyoophiyaan Faayidaa biyyoolessaashee haala eegsisuun biyyoota waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuun Nageenyaa fi misooma gaanfa Afriikaa Jijjiiramaa ta’e mirkaneessuuf shoora adda durummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa Itiyoophiyaan Riijinichatti uumtu yaadama ida’amuun dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibaniiru. Karoora misoomaa milkeessuuf tumsa biyyoota waliin qabdu cimsuu akka qabdu eeruun kanaafis tattaaffii dhuunfaan olitti ida’amuun bu’aa qabeessa taasisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan walii galteen Daldala Riijinii bilisaa Afriikaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen Riijinii akka hundeeffamanii fi tokkummaan Afriikaa akka cimuuf Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahuushee ibsaniiru. Hidhi haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Dippiloomaasii cimaan xumurmuunsaa Itiyoophiyaarra darbee Afriikaan hundi kan itti boonu ta’uu kan kaasan Obbo Nabiyyuun, hidhichi walitti hidhaminisa Diinagdee Riijinichaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Gama biroon Itiyoophiyaan BRICS’tti tumsa gam hedduu fi hirmaannaa guddaa taassisuun ofirra darbitee sagalee Afriikaa dhageessisuushee ibsaniiru. Itiyoophiyaan Biyyoota Miseensa BRICS waliin tumsa qabdu cimsuun karoora misoomaa fi faayidaa biyyoolessaashee kabachiisuuf ni hojjetti jedhaniiru.
Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera  
Dec 20, 2025 177
Mudde11/2018(ENA)-Godina Gujii Lixaatti olaantummaa seeraa fi nageenyaa waraa mirkaneessuuf hojiin qindoominaa hawaasa hirmaachise cimanii ittifufuusanii Wajjirri Bulchiinsaa Godinichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajirichaa Obbo Ayyalaa Danbaa hidhattoonni duraanii waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii deebi’uunsaanii itti fufeera jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii gara nagaatti deebi’an leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamanii jireenya idileesanii akka gaggeeffatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Gara fuulduraattis Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya kabachiisuu fi cimsuuf hojiin qindoominaa hawaasa haala hirmaachise cimanii itti fufuu ibsaniiru. Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan kutaa miidiyaa fi komunikeeshinii Inispeektar Fayyeeraa Keeyiraddin, hidhattoonni duraanii guyyaa guyyaan gara daandii nagaatti dhufaa jiraachuu ibsaniiru. Karaa dogoggoraan rakkoo keessa kan seenan hidhattoonni duraanii gara nagaatti akka dhufaniif Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni waamicha taassisaa turuusaanii yaadachuun, kunis bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru. Jiraattota Godinichaa keessaa Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo, Jaarsolii biyyaa godinichaa fi kutaa hawaasaa biroo waliin ta’uun hidhattoota duriif waamicha nagaa taassisaa turuusaanii ibnsaniiru. Kanaanis hidhattoonni durii hedduun Aadaa fi duudhaasaanii akkasumas, waadaasaanii kabajuun deebi’aa waan jiraniif godinichatti nageenyi bu’eera jedhaniiru. Rakkoo mariin hiikuun ala wal miidhuurraa faayidaan argamuu fi jijiiramni dhufu hin jiru jedhaniiru. Hidhattoota gara nagaatti deebi’an keessaa, Liiban Shaggaa yaada kennanneen nageenya filachuun deebi’uun hawaasa miidhe kiisuuf qophaa’uusaa ibseera. Hidhattoonni bosonatti hafanis waamicha nagaa fudhatanii akka deebi’aniif dhaamsa dabarseera.

Hawaasummaa
Garaagarummaan Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi mootummaa ida’amuu bu’aa galmeessisaa jira
Dec 23, 2025 11
  Mudde 14/2018(ENA)- Garaagarummaan yaadaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi Mootummaa Ida’amuu bu’aa galmeessisaa jiraachuu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan. Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, Mootummaan Ida’amuu nageenya mirkaneessuuf karaa nagaa qofa ta’uu akka qabu ejjannoo qaba. Itiyoophiyaanonni daandii nagaa itti buusan, wal dhabdee ittiin furan duudhaalee kan mataa isaanii qabaachuu eeruun, duudhaaleen mandhalee siyaasaa fi hawaasummaa guddachuu akka qaban himaniiru. Hawaasni rakkoolee karaa ittiin furanii fi nageenya buusan, tokkummaa kan ittiin cimsani, biyya kamirraayyuu kan hin fudhaatamne muuxannoo waggoota dheeraa lakkoofsise qabu jedhan. Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu ilaalcha beekumsa mandhalee fi duudhaalee hawaasaa itti dhimma bahuun ijaarsa nageenyaa keessatti itti fayyadamuu qaba kan jedhu ijjannoo qaba jedhani. Mootummaan Ida’amuu nagaatti waan amanuuf qaamolee nageenya barbaadan waliin nagaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru. Qaamoleen nageenya lammiilee Itiyoophiyaa hin barbaanne akka jiran ibsuun, nageenya waaraa ijaaruuf karaa nagaa filachuun akka barbaachisu dhaamaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Mootummaan Ida’amuu nageenyi waaraa kan argamu karaa nagaa qofaan akka ta’e cimsee akka amanu eeruun, duudhaalee mandhalee hawaasaa gara imaammataa fi tarsiimootti jijjiiruun nageenya waaraa mirkaneessuun ijjannoo isaa akka ta’e ibsaniiru. Kanaanis karaa nagaan yaada ammayyaa’aa fi fudhatama qabu hojiirra oolchuun nageenya waaraa mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu bu’aan qabatamaan argamaa jira jedhani.
Ija Mootummaa Ida’amuun naannichatti hojiileen bakkeewwan hawwata turistootaa misoomfaman bakka gahumsa turistootaa mijataa ta’eera
Dec 23, 2025 34
  Mudde 14/2018(ENA)- Ija Mootummaa Ida’amuun hojiileen misoomaa bakkeewwan hawwata turistootaa misoomfaman, hariiroo hawaasaa cimsuun dabalatatti daawwattootaaf haala mijataa uumuu isaa Biiroon Aadaa fi Turizimii naannoo Oromiyaa ibse. Mootummaan hariiroo sabaa fi sablammoota gidduutti xiyyeeffachuun isaa duudhaalee aadaa lammiilee dagaagsuu fi guddina damee turizimii diinagdee keessatti guddisuu keessatti gahee murteessaa taphachaa jira jedhan itti aanaa hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaa Daraaraa Katamaa.   Mootummaan Ida’amuu xiyyeeffannoo ijaarsa aadaa sabootaa irratti taasise obbolummaa sabdeessummaa cimsaa jiraachuu himaniiru. Hojiin aadaa miidhagaa Itiyoophiaa mul’ise hojjetame kuni diinagdee turizimii guddisuuf shoora olaanaa bahateera jedhan. Kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyii Ahimadiin hojiileen bakkeewwan hawwata turizimii haaromfamaniifi ijaaraman guddina turizimiif gahee olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Naannichatti Piroojektoonni Maaddii Biyyaan hojjetaman guddina turizimiif gahee olaanaa bahachaa jiru jedhan.   Damee turizimiitiin bu’uuraaleen tuuriizimii bal’aan kutaalee biyyattii adda addaa keessatti inishiyeetiivii Maaddii Shaggar, Maaddii Biyyaaf fi Maaddii Dhalootaaf jalatti ijaaramaniiru. Naannoo Oromiyaatti piroojaktoonni Dandii-Wancii fi Holqi Soof Umar inisheetivii Maaddii Biyyaan kanneen hojjetaman ta’uu ibsaniiru.   Hojiiwwan gama hambaalee fi kunuunsa seenaatiin hojjetaman, hambaalee qabatamaa fi hin qabamne eeguu fi kunuunsuun dhaloota dhufuuf akka darbuuf hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Haaluma kanaan ayyaanni Irreechaa bifa tokkummaa sabootaa cimsuu danda’uun bakkeewwan adda addaatti akka kabajamu taasifameera jedhan. Sirni Gadaas sirna barnootaa keessa galchuun adeemsi mana murtii aadaa cimuun, duudhaalee hawaasaaf xiyyeeffannoon kenname qabatamaan bu’aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Hawwata turizimii naannichaa karaa ‘Visit Oromia’ fi miidiyaalee adda addaa beeksisuun galii turizimii fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennamee jiraachuu ibsaniiru.
Diinagdee
Godina Shawaa Lixaatti Misooma Qamadii Jallisii boneen lafti hektaarri kuma 300 Sanyiin facaafameera  
Dec 23, 2025 34
Mudde 14/2018(ENA)–Godina Shawaa Lixaatti Misooma Qamadii Jallisii Boneen lafti hektaarri kuma 300 sanyiin facaafamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Godinichatti Aanaa tokkee kuttaayeetti hojiin Misooma Jallisii Qamadii Bonee hoggantoota godinaa fi Aanaaleen daawwatameera. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaa Abdiisaa Haayiluu akka jedhanitti, Qamadii jallisii Boneen lafa hektaara kuma 400 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Adeemsa hanga ammaan lafti hektaarri kuma 320 qophiin ooyruu xumuramee lafti hektaarri kuma 300 sanyiin facaafamuu eeruun waliigala lafa misoomerraa callaan kuntaalli Milliyoona 12 tuqaa 6 ni abdatama jedhaniiru. Misoma Jallisii Qamadii Bonee milkaa’aa taassisuuf Muuxannoo waggoottan darban irraa fudhachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessuma Xaa’oo Biyyee fi sanyii failatamaa haala fooyyee qabuun dhiheessuun danda’amuu fi qonnaan bulaan paakeejiiwwan qonnaa hojiirra akka oolchaniif deeggarsi ogummaa taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Tokkee Kuttaayee Obbo wayyeessaa Alamuu gamasaaniin, Aanichatti qonna kilaastaraa hojiirra oolchuun misoomni jallisii bonee hojjetamaa jira. Aanichatti lafti hektaara kuma 20 qamadiin misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 10 ol sanyiin facaafamuu ibsaniiru. Aanichatti ganda Imala dawweetti Aajootti Qaama karoorichaa kan ta’e lafa hektaara 102 irratti sagantaan sanyiin qamadii facaafasuu gaggeeffamuu eeruun hojii misoomaa kanarratti qonnaan bultoonni 208 kilaastaraan hirmaachaa jiru jedhaniiru. Qonnaan bultoota Aanichaa ENA ‘n dubbise akka jedhanitti, misooma jallisii boneen hirkattummaarra bahuun waggaatti yeroo sadii misoomsuu danda’usaanii dubbataniiru. Qonnaan bulaan Araarsaa Dilgaasaa akka jedhanitti erga misooma Qamdii Jallisii eegalanii asitti wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee galiinsaanii guddachaa maatiisaanii haala fooya’een gaggeeffachaa jiraachu ibsaniiru. Bara kanas qonnaan bultoota biroo kilaastaraan gurmaa’uun qamadii facaasuusaanii ibsuun hektaara tokkorraa callaa kuntaala 35 akka abdatan ibsaniiru. Qonnaan bulaan Biroon aanichaa Gammachuu Dandanaa waggoottan sadan darban qonnaan bultoota naannichaa waliin kilaastaraan Qamadii jallisii misoomsaa jiraachuu ibsuun, kanaanis fayyadamoo ta’uu ibsaniiru. Bara kana gama waajjira Qonnaa Aanichaan galteewwan omisha guddisanii fi Tiraaktarri dhihaateefii hojicha bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Misoomni Qamadii Jallisii Bonee Wabii nyaataa Mirkaneessuurra darbee  Aadaa hojii  jijiiraa  jira 
Dec 22, 2025 66
Mudde13/2018(ENA)–Naannoo Oromiyaa Godina wallaggaa Lixaatti misoomni Qamadii Jallisii Bonee wabii nyaataa mirkaneessuurra darabee Aadaa hojii jijjiiraa jiraadhufuu Qonnaan bultoonni ibsan. Innisheetiviin Misooma Qamadii jallisii Bonee Qamdii Jallisiin misoomsuun akka danda’amu beeksisuun olitti sadarkaa biyyoolessaatti bakkeewwan barteedhaann gammoojjii Misoomaaf hin ta’an jedhamanii beekaman dabalatee gara misoomaatti galaa jiru. Misoomni Qamadii Jallisii Bonee misoomicha bal’inaan beeksisuurra darbee omishtummaasaa babal’isuun Qannaan bulaafis ta’e Diinagdee biyyaaf faayidaa qaban guddisuurratti naannoolee argaman keessaa Naannoon Oromiyaa tokkodha.   Godinaalee naannicha jiran haala teessumaa qaban karaa eegeen innisheetifoota haarawaa Qamadii fi Ruuzii dabalatee baratamaa dhufeera. Qonnaan bultoonni Godina wallaga Lixaa jiran akka jedhanitti Misoomni Qamadii Jallisii Bonee Wabiinyaataa mirkaneessuurra darbee Aadaa hojiisaanii kan jijjiire dha.   Godinichatti Qonnaan bulaan Aanaa Baabboo Gambeellaa Addisuu Tarreessaa, Misooma qamadii Jallisii boneerratti hirmaachuu erga eegalanii wabiinyaataasaanii mirkaneessuun fayyadamoo ta’uusaanii ibsaniiru. Kanaan dura rooba eeguun waggaatti yeroo tokko qofa omishaa turuusanii ibsuun hojichaanis jireenyaa saanii fooyyeffachuu akka hin dandeenye himaniiru. Waggoota jijjiiramaa as garuu, misooma jallisii Boneen jireenya isaanii fooyyeffachuu kan danda’an yoo ta’u,aadaan hojii isaanii kan jijjiiramaa dhufe ta’uu ibsaniiru. Baranas qophii haal duree gahaa taasisuun,lafa heektaara kurmaana tokko irratti qamadii kilaastaraan oomishaa jiraachuu dubbataniiru.   Jiraataa qonnaan bulaa aanaa kanaa kan ta’an Beekuma Gabbisaa, bara kana lafa walakkaa heektaara jallisii Bonaa keessatti xaa’oo fayyadamuun akka misoomsan dubbataniiru. Misooma jallisii qamadii Bonee erga jalqabanii booda jireenyi isaanii kan fooyya’e ta’uu eeruun, hojiin misoomaa kuni waggaa guutuu hojii qonnaa irratti akka xiyyeeffatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Godina Wallaggaa Lixaatti itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa aanaa Baabboo Gambeel kan ta’an obbo Abarraa Dheeressaa akka jedhanitti, aanichatti lafti heektaara 9,000 qamadii jallisii Bonaan misoomeera. Kana irraas oomishni qamadii kuntaala kuma 100 ol akka eegamu ibsuun,qonnaan bultootaaf deeggarsiisfi hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.   Waajjira Qonnaa godina Wallaggaa Lixaatti ogeessa misooma jallisii kan ta’an obbo Girmaa Jalataa gama isaaniin; godinichatti bara kana qamadii heektaara kuma 196 ol misoomsuuf karoorfamee, hojii hanga ammaatti hojjetameen heektaara kuma 195, 531 midhaaniin uwwifameera jedhan. Misoomichaan qonnaan bultoota kuma 91 ol hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, callaa kuntaala miliyoona 7 ol argachuuf kan eegamu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultootaaf dhiyeessiin galteewwan qonnaa dabalatee, paampiin bishaan harkisu dhiyaachuufii ibsuun deeggarsiifi hordoffiin taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Akkasumas oomishaalee gahan osoo hin qisaasa’iin sassaabuuf hojjetamaa jira jedhani.
Inistituyuutichi damee industirii ijaarsaa karaa teeknooloojiin ceesisuuf hojii eegale cimsee itti fufuu qaba
Dec 22, 2025 70
  Mudde 13/2018(ENA)- Inistituyuutiin manaajimantii konistiraakshinii idustirii ijaarsaa isaa beekumsaa fi teekinooloojiin guddisuuf hojii eegale cimsee akka itti fufu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbataa Dhimma Magaalaa, Bu'uuraalee misoomaa fi Geejjibaa beeksiseera. Inistituyuutiin Manajimantii Konistiraakshinii hojii qorannoo fi qo’annoon deeggarame, damee konistiraakshinii deeggaru irratti kan xiyyeeffate, qooda fudhattoota adda addaa kan hirmaachise agarsiisa qo’annoo fi qorannoo gaggeessaa jira.   Agarsiisa qo’annoo fi qorannoo kana irratti kan argaman Dura taa'aan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Magaalaa, Bu'uuraalee fi Geejjibaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Piroofeesar Mohaammad Abdoo akka jedhanitti, inistiitiyuutichi dandeettii raawwii pirojektiii dame ijaarsaa guddisuuf hojiin hojjechaa jiru bu’aa agarsiisaa jira. Hanqina qulqullinaa, harkifannaa yeroo fi baasii olaanaa pirojektoota ijaarsaa kanaan dura mudate hir’isuuf hojiin qorannoo irratti hundaa’ee hojjetamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Bu’aa damichaan argamu daran guddisuuf hojiiwwan ce’umsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii humna namaa irratti xiyyeeffannoon kennamuu akka qabus dubbataniiru. Kanumaan walqabatee inistitiyuutichi beekumsaa fi teeknooloojiin industirii konistiraakshinii guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru cimee akka itti fufu dhaamaniiru. Deetaan Ministira Misooma Magaalaa fi Bu’u Misoomaa doktar Yeetimgeetaa Asraat gama isaaniitiin, industiriin ijaarsaa sadarkaa barbaadamurra akka ga’uuf xiyyeeffannoon addaa kennamee jiraachuu ibsaniiru. Industiricha humna namaa gahoomee fi teeknooloojiin ammayyeessuun akkasumas hojmaata ariifachiisaa diriirsuuf hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru. Meeshaalee ijaarsaa biyya alaatii galfaman biyya keessatti oomishuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Inistiitiyuutii manajimantii Konistiraakshinii Itiyoophiyaatti Daarektarri Olaanaa injiinar Tammiraat Muluu akka ibsanitti, pirojektoonni qulqullina sadarkaa kaa’ameefiin, yeroo fi baasii kaa’ameen xumuramuu kan isaan dandeessisu qorannoo fi qo’annoo irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.   Leenjiin beekumsa ijaarsa yeroo ammaa irratti xiyyeeffate ogeessotaa fi dhaabbilee damee kanarratti bobba’aniif kennamaa akka jiru himaniiru.
Mariileen ummataa bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru kan itti mirkaneessinedha-Ministira Caaltuu Saanii
Dec 21, 2025 177
Mudde 12/2018(TOI)- Mariileen ummataa tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffaman bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru kan itti mirkaneessinedha jedhan Ministirri magaalaa fi bu’ura nisoomaa Caaltuu Saanii. Marii gaggeeffaman irraa humnaa fi dandeettii dabalataa arganneerra jechuun dubbatan ministirri Caaltuu Saanii. Mariileen ummataa tibbana mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummmaa ida’amuu” jedhuun Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama. Ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii marii ummataa naannoo jiddu gala Itiyoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffamerratti argamuun, bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru mariilee ummataarraa mirkaneessineerra jedhaniiru. Jijjiiramaan asitti kallattiin ummata bira gahuun mariisisuun aadaa ta’ee fulla’uu ibsaniiru. Ummanni gaaffii fi yaada qabu wallabaan ibsachuusaa eeranii, kun ammo dandeettii fi humna dabalataa akka argannu nugargaareera jedhaniiru. Ummanni Misooma kooriidarii dabalatee jijjiirama ijaarsa magaalaa fi bu’ura misoomaa irratti dhufe kaasuusaa fi dinqisiifachuusaa ibsaniiru. Gama biraan naannichatti akkasumas magaalattiitti rakkoon hojii dhabdummaa jiraachuusaa fi rakkoon kun akka furamu gaafachuusaa dubbataniiru. Gaaffilee misoomaa marii kanarratti kaafaman adeemsaan furuun walii galamuu ministirri kun ibsaniiru. Dhimmoonni Kanaan dura gaafatamanii turan maalirra akka jiran dursuun ibsi kan itti kenname ta’uunsaa marii kana adda akka isa taasisu eeranii, kun ammoo mootummaan ummata dhaggeeffachaa akka jiru agarsiisa jedhaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gara kutaa Magaalaatti babal’isuuf hojiiitti galameera
Dec 23, 2025 4
Mudde14/2018(ENA)– Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Sadarkaa Magaalaatti kennamaa jiru gara kutaa Magaalaa 12tti babal’isuuf hojiitti galamuun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggar dabalatee Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmatti eegalamee tajaajila si’ataa fi Ariifataa kennuu eegaluun ni yaadartama. Magaala Shaggaritti Sanbataa fi sa’aatii laaqanaa dabalatee guyyaa hojii mootummaa hundatti tajaajila kennaa jiraachuu ibsameera. Hojii gaggeessaan Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa shaggar Mokonnon Ambee ENA waliin turtii taassisaniin akka ibsanitti, tajaajilli Masoob sadarkaa magaalaatti eegalame hojiin bababl’isuu eegalamuu ibsaniiru. Tajaajilicha Bulchiinsa Magaalichaa jala kan jiran Kutaawwan Magaalaa 12tti hawaasaaf qaqqabsiisuuf hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti wiirtuun hojiitti gale dedeebbii maamilaa hir’isuurra darbee tajaajila si’ataa kennuu kan danda’e ta’uu dubbataniiru. Giddugalichi tajaajila erga eegalee asitti tajaajilamtoota kuma 23 fi 800 ol gara gidduugalichaa kan dhufan yoo ta’u isaan keessaa lammiileen kuma 21 fi 500 ol tajaajila saanii yeroo gabaabaatti xumurachuu danda’aniiru jedhaniiru. Gidduugalichi hojii eegaluun tajaajilawwan bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti fiduun danda’amuu fi gama saffisaan milkaa’inni galmaa’eera jedhaniiru. Kanarra darbee tajaajila teekinooloojiin kennuu danda’uu kan ibsan hogganaan kun kunis itti quufinsa maaamilaa guddisuuf gargaaruu ibsaniiru. Baatiiwwan 3 fuulduraa keessatti kutaawwan magaalaa 12nitti tajaajilicha eegalchiisuuf qooda fudhattoota waliin hojiin qindoominaa cimaan hojjetama jedhaniiniiru. Sadarkaa kutaa magaalaatti tajaajilicha babal’isuuf kutaawwan magaalaa 12tti gamoowwan tajaaajila kennan 5 keessatti hojiin qophii taassisuu hojjetamuusaa ibsaniiru. Dabalataanis Buraayyuu, Xaafoo,Sabbataa fi naannoo Galaanitti gamoon abbaa darbii Afurii adda bahanii sochii eegaluu eeruun, bifa haaraan immoo Furii, Noonnoo, Galaan guddaa, Gujee, Kuraa Jiddaa, Kooyyee fi Mana abbichuutti hojiin bakka adda baasuu hojjetamuu ibsaniiru. Kanarra darbee itti fayydama teekinooloojii fi naamusa waliin wal-qabatee humna namaa gahoomee fi dorgomaa guuttachuu fi hojiin leenjii kennuu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025n Damee Dijiitaalaan milkaa’inoonni hedduun kan itti  galmaa’anidha 
Dec 23, 2025 6
Mudde14/2018(ENA)– Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025n Damee Teekinooloojii Dijiitaalaan milkaa’inoonni hedduun kan itti galmaa’ani ta’uu ogeeyyiin damichaa Naannoo Harariitti dhaabbilee adda addaatti hojjetan ibsan. Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 milkaa’inaan Xumuramee Jalqabsiisni Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti ifatti eegalchiifamuun ni yaadatama. Dijiitaala Itiyophiyaa 2025n dijiitaalayizeeshinii babal’isuu fi tajaajila tutuqqa waraqaarra bilisa ta’e kennuurratti biyyattiitti hojiiwwan hedduun kan hojjetaman karoora milkaa’e dha. Keessumaa Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob,Waraqaa eenyummeessaa Faayidaa, Maallaqa Dijiitaalaan daddabarsuu, Leenjii Itiyoo-Koodarsii,hubannoo-namtolcheen, nageenya saayibarii fi dameelee biroon hojiin milkaa’inaa galmaa’uusaa ibsaniiru. Naannoo Hararaiitti Ogeeyyiin damichaa dhaabbilee adda addaan hojjechaa jiran Dijiitaalli Itiyioophiyaa 2025 damee teekinooloojiin Milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu ENA’f ibsaniiru. Naannoo Haraariitti Masoob - Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ogeessi Infoormeeshin koomunikeeshinii Saamii Ahimad akka ibsanitti Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 jijjiirama kan fidanii fi hojiiwwan jijjiiramaa dhiibbaa geessisan raawwatamaniiru jedhaniiru. Keessumaa bu’aa Dijiitaalayizeeshinii kan ta’e Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo akka ammayaa’u ta’uu ibsuun, hojiiwwan hubannoo namtolcheen hojjetan magaalota miidhagsuu danda’uu ibsaniiru. Teekinooloojii Dijiitaalaa Misoomsuun, Ammayyeessuu fi dhaqqabamaa taassisuurratti hojiiwwan mootummaan hojjete biyyittii teekinolojii fudhachuurraa gara kalaquutti kan ceesise ta’uu ibsaniiru. Teekinooloojii Dijiitaalaa 2030 hojiiwwan teekinoloojii biroon fakkeenya ta’an akka hojjetaman kan eegamu ta’uu ibsaniiru. Akka biyyatti Itiyoophiyaan Dijiitaala 2025 yeroon milkaa’inaa hedduu hojjettee dabarsiteeti jechuun Ejensii koomunukeeshinii fi teekinooloojii Miidiyaa Hararii Hamdii Ramzii ibsaniiru. Teeleebirri fi daddabarsa maallaqaa Dijiitaalaa biroon tajaajiloonni kennamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Damee Barnootaan leenjii Itiyoo Koodarsii miiliyoona 5 kan kaasan ogeessi kun lammiileen beekumsa teekinoloojii barbaadan akka argatanii fi damee qonnaan odeeffannoo dhaqqabamaa taassisuun hojiin qonna ammayyeessuu akka milkaa’uu danda’uu ibsaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun kunis Mallaammaltummaa fi burjaajjii kan hir’isee fi fuldurattis Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 kanaa ol akka irraa eegamu eeraniiru. Naannoo Haraariiti Ogeessii Infoormeeshin Koomunukeeshinii Masoob Tajaajila Wiirtuu tokkoo Dasee Ahimad, Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025n milkaa’inoota galmaa’an keessaa waraqaan eenyummeessaan faayidaa tokko ta’uu dubbataniiru. Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025n neetti woorkiin 4Jii fi 5jii diriirfamuu akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun , lammiileen carricha fayyadamuun beekumsa teekinooloojiin biyyaa fi mataasaanii fayyaduu eegaluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina teekinooloojii Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 tattaaffii fi saffisa mootummaan akka ta’e eeruun Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 milkaa’aa akka ta’u muuxannoowwan baroota darbanirraa mirkaneeffachuun akka danda’amu dubbataniiru.
Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii hojii qorannoo fi qo’annoo haala qindaa’een hojjechuu qabu - Ministira Barnootaa
Dec 22, 2025 71
Mudde13/2018(ENA)–Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii hojii qorannoo fi qo’annoo haala qindaa’een hojjechuu akka qaban Ministerri Barnootaa hubachiise. Foramiin Yunvarsiitii Appilaayid Saayinsii 3ffaan har’a Finfinneetti gaggeeffameera.   Waltajjii marii kanarratti kan argaman Ministeera Barnootaatti hojii raawwachiisaan dhimma akkaadaamii Doktar Eebbaa Miijanaa akka dubbatanitti, dhaabbiileen Barnoota Olaanoo hojii baruu fi barsiisuu cinaatti hojii qorannoo fi qo’annoo hojjechuun dameelee adda addaan jijjiirama hawaasaa akka fidan taassifamaa jira. Kanaanis Yunvarsiitiiwwan gidd-ugala gahumsaa ta’anii hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessaniin hawaasa fayyadamoo taassisuun irraa eegama jedhaniiru. Keessumaa Yunvarsiitiiwwan Appilaayid saayinsii haala qindoomina qabuun haala qabatamaa naannoosaanii jiru gidd-ugaleeffachuun hojii qorannoo fi qo’annoo hojjechuun ergama isaanii bahuu akka qaban ibsniiru.   Itti gaafatamaan Qindoomina Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii fi Pirezidaantiin Yunvarsiitii Dirree Dawaa Doktar Ubaay Adam gamasaaniin fooramichi Yunvarsiitiiwwan qoranno waliin hojjetaniif muuxannoo qooduu fi bu’aa qabeessummaa hojiiwwan qorannoo hojjetamaniin gamaggamuuf kan qopha’e dha jedhaniiru. Dhaabbileen Barnootaa olaanoon hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hawasarratti xiyyeeffatan hojjechuunii fi Teekinooloojiiwwan haarawaa beeksisuun hojiiwwan hawaasa fayyadamoo taassisan irratti hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru. Yunvarsiitichi damee hojii qabatamaan ergama kennameef milkeessuuf Qonnaan, Albuudaa fi hojiilee qorannoo adda addaa hawaasarratti xiyyeeffatan hojjechaa jirachuu pirezidaantiin Yunvarsiitii Asoosaa Doktar Kamaal Abduraahim dubbataniiru.   Keessumaa qabeenya Maangoo fi Leemmanarratti hojiiwwan qorannoo raawwatamaa jiran Hawaasa Naannichaa fayyadamaa taassisuun eegumsaa fi kunuunsa qabeenyaan hojiiwwan hirmaannaa hawaasaa guddisan ta’uusaanii kaasaniiru. Foramicharratti bakka bu’aan Ministeera Barnootaa, Pirezidaantii Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii fi hoggantoonni damee Barnootaa biroon argamaniiru. Fooramiin Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii Yunvarsiitiiwwan 15 kan hammate yoo ta’u fooramiisaa jalqabaa Dirree Dawwaatti akkasumas 2ffaa Yunvarsiitii Arsiitti gaggeessuun isaa ni yaadatama.
Ispoortii
Piriimar liigiin Itiyoophiyaa torban 10ffaan  har’a eegala
Dec 19, 2025 135
Mudde 10/2018(TOI)-Sabaaba Taphoota waancaa Itiyoophiyaan addan citee kan ture sagantaan Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan ni deebi’a. Guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti Baankiin daldalaa Magaalaa Aarbaa Minci waliin taphata. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 9 gaggeesse keessaa injifachuu kan danda’e yeroo toko qofa. Yeroo sadii yoo injifatamu yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera. Injifataan liigichaa bara 2016 Baankiin Daldla Itiyoophiyaa qabxii 8n sadarkaa 15ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Arbaa Minci liigichaan hanga ammaatti tapha injifate hin qabu. Yeroo 4 yoo mo’atu yeroo 5n qixaan adda baheera. Galchii 4 yoo lakkofsisu galchii 9 keessummeesseera. Magalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gad- aanaa irratti argama Baankiin Daldala Itiyoophiyaa gara injifannoo deebi’uuf taphata, Magaalaan Aarbaa Minci qabxii jalqabaa sadii argachuuf ni taphata. Sagantaa biroon Midiregannat Shireen Magalaa Baahir Daar waliin guyyaa 9:00 tti Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Midiregannat Shireen liigichatti Taphoota 9 gaggeesseen yeroo sadii yoo injifatu yeroo 2 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qabxii qooddateera. Taphoota sagal irratti galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 13n sadarkaa 8 qabateera . Liigichatti taphoota 9 gaggeesse keessaa 3 yoo injifatu haaluma wal fakkaatuun magaalaa baahir Daar yeroo 3 mo’ameera. Taphoota hafan sadiin qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu haaluma walfakkaatuun galchii 9 keessummeesseera. Magaalaan Baahidaar qabxii 12n sadarkaa 11ffaa irratti argama. Galgala sa’aatii 12:00 irratti Maqalee 70 Indartaan Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan qabxii 5iin sadarkaa 19ffaa, Hadiyyaa Hosaa’inaan qabxii 17n sadarkaa 17ffaa qabatanii sadarkaa gad- aanaarratti argamu. Taphichi maqalee 70 Indartaan liigichaan qabxii jalqabaa 3 argachuuf yoo taphatu, hadiyyaa hosaa’inaan gara injifannootti deebi’uuf taphata. Taphni Piriimarliigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan anga Mudde 12 bara 2018tti ni tura. Bunni Sidaamaa qabxii 20n liigicha dursaa jira. Hadiyyaa Hosaa’inaan Walwaaloo Addagiraat Yunvarsiistii, Maqalee 70 Indartaa fi magaalaan Aarbaa Minci sadarkaa 17 hanga 20 qabachuun sadarkaa gad- aanaa keessatti argamu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 152
  Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira.   Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru.   Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 241
  Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.   Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.  
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 402
  Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16129
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1104
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015