ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to’annoo qindaa’aa raawwatamaniin bu’aan argameera
Aug 4, 2026 63
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuusaa Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa karoora dhibee Koleeraa biyyattii keessaa balleessuu fi hojiwwan raawwataman irratti kan xiyyeeffate konfiraansii marii guyyaa sadii gaggeessuu eegaleera. Sirna baninsa mariicharratti Itti aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa Dr. Malkaamuu Abitee akka ibsaniitti; yeroo gannaa dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hawaasni bishaan qulqullaa'e fayyadamuu fi of eegggannoo barbaachisaa taasisuu qaba jedhaniiru. Qaamota dhimmi ilaalu wajjin ta’uun hojiiwwan ittisaa hojjetamaa jiraachuun kan eerame yoo ta'u; hawaasni waanti shakkisiisaan yoo isa quunname lakkoofsa sarara bilisaa 8335 irratti bilbiluun odeeffannoo argachuu akka danda'u ibsaniiru. Dhaabbileen fayyaa fi Ogeeyyiin qophii ta’uusaanii ibsuun; Hawaasni wal’aansa barbaachisaa argachuu akka danda'u dubbataniiru. Ammaan dura dhibee Koleeraa ittisuuf hojiiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuu ibsaniiru. Qulqullinaan, talaalliin akkasumas damee dursanii ittisuun hojiiwwan milkaa’oon raawwataman Koleeraa balleessuuf kan dandeessisan ta'uu ibsanii; bu'aa kana cimsanii itti fufsiisuuf hojiin qindaa'aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sadarkaa biyyaalessaatti tarsiimoo Koleeraa dhabamsiisuuf qophaa’ee biyyoota biroof fakkeenya kan ta’u fi haala bu’aa qabeessa ta’een hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Itoophiyaan damee kanaan hojii Afriikaaf fakkeenya kan ta’u kan raawwatte yoo ta’u naannoo daangaa biyyoota ollaa wajjin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee michootaa fi qaamota dhimmi ilaalu wajjin mariin taasifamu kun dhibicha guutummaatti balleessuuf tattaaffii taasifamu kan cimsu ta'uu ibsaniiru. Daarektarri to’annoo Balaa Fayyaa Hawaasaa, Deebii fi Deebisanii dhaabuu Inistitiyuutichaa Obbo Madaaniyyee Habtatsiyoon human namaa fi laabiraatoorii dhibeewwan ittisuuf dandeessisu jiraachuu ibsaniiru. Kunis hojiiwwan adda baasuu saffisaa raawwachuuf deebii ariifachiisaa kennuudhaaf kan dandeessise ta'uu ibsaniiru. Maricharratti kan argaman Itoophiyaatti ogeessi balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Iinoosenti Komaakech gama isaaniitiin, Itoophiyaan Koleeraan yaaddoo fayyaa hawaasaa akka hin taane hojiin isheen raawwatte kan dinqisiifatu ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tattaaffii Itoophiyaan taasiftu deeggaruuf michummaasaa cimsee kan itti fufu ta'uun ibsameera.
Naannoo Harariitti caarraa hojii uumuu dandeettii irratti hundaa’e dagaagsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama
Aug 4, 2026 49
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Naannoo Harariitti Carraa hojii uumuu dandeettii irratti hundaa’e cimsuu fi aadaa hojii guddisuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Itti Aantuun Pirezidaantii Naannichaa fi walitti qabduun mana maree carraa hojii uumuu naannichaa Aadde Roozaa Umar ibsan. Manni Maree Carraa hojii Uumuu Naannichaa gabaasa raawwii hojii caraa hojii uuminsa bara baajataa 2018 fi karoorri bara baajataa 2019 irratti mari'ateera. waltajjicharratti rakkoo hojii dhabdummaa naannichaa hiikuufi carraawwan hojii dhaabbataa haaraa uumuuf xiyyeeffannoon kennamamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Carraa hojii Uumuu dandeettii irratti hundaa’e cimsuu akkasumas aadaa hojii fi hubannoo hojii barbaaddotaa bal’isuun kallattii xiyyeeffannoo fuulduraa keessaa tokko ta’uu Aadde Roozaan dubbataniiru. Keessattuu gabaarratti kan barbaadamaniifi leenjii dandeettii kennuu irraa kaasee aadaa hojii lammiilee guddisuun fayyadamummaa hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru. Bara baajataa 2019 karoora milkeessuuf hojiiwwan raawwataman keessatti hanqinoonni mudatan qolachuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qaban ibsanii; qaamni dhimmi ilaalu qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Hogganaan biiroo Misooma Industirii fi Intarpiraayizii Naannichaa Obbo Ismaa'il Yuusuuf gabaasa dhiyeessaniin naannichatti carraa hojiii uumuun fi leenjii ilaalchisee qaamota michootaa, mootummaa fi seektaroota dhuunfaa wajjin qindoominaan hojjetamaa turuu eeraniiru. Bara baajataa xumurame keessas baadiyyaa fi magaalattiif lammiilee qonnaan, industirii, tajaajiltootaa fi bobbii hojii biyya alaa keessatti carraawwan hojii dhaabbiin kuma 11 mijaa’uunsaa ibsameera. Carraa hojii uumameenis keessattuu dargaggoota, dubartoota, qaama miidhamtootaa fi lammiileen godaansarraa deebi’an fayyadamoo taasisuun danda'amuu eeraniiru.
Bara baajataa xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo galmeessisteetti
Aug 4, 2026 40
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Bara baajataa 2018 xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo kan galmeessite ta’uun ibsameera. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Kilaastara Misooma Hawaasummaarratti raawwii bara baajataa 2018 fi karoorra bara baajataa 2019 irratti mari’ateera. Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi bakka bu’aan qindeessaa Kilaastara Misooma Hawaasummaa Dr. Yohaannis Caalaa akka ibsaniitti; kilaastarichi bara baajataa 2018 qindoominaan hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduu raawwateera. Hojiiwwan dhaabbata tokko qofaan eegalmanii xumuramuu hin dandeenye fi tumsa dhaabbilee biroo gaafatan walitti qindaa’anii karoorfamanii, waliin gamaggamamuun bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu isaanii yaadachiisaniiru. Haaluma kanaan bara baajataa xumurameetti fayyaa, barnoota fi dameewwan hawaasummaa biroo keessatti uummata fayyadamaa kan taasisan hojiwwan hedduun qindoominaan bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu eeraniiru. Sirni qindoomina kanaa dhaabbilee hundaaf dandeettii kan uumuu fi muuxannoo gaarii ta’uu isaatiin, fuuldurattis dameewwan hundatti cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. Itti aanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Saamsoon Mallaasaa bara barnootichatti milkaa’owwan galmaa’an akka milkaa’an Kilaasatarri Misooma Hawaasummaa gahee ol’aanaa taphachuu isaa ibsaniiru. Kilaastarichi fayyaa barattootaa, nyaata, qulqullina barnootaa fi leenjii akkasumas to’annoo waliin hojiwwan raawwataman saffisiisuuf gumaacha ol’aanaa gumaachuu isaa eeraniiru. Kanaanis bara baajataa xumurameetti dhaabbilee barnootaa hunda keessatti adeemsi barsiisuu fi barachuu tasgabaa’aa, nagaa fi mijataa ta'e akka jiraatu dandeessiseera. waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Obbo Mollaa Nugus gama isaaniitiin, bara baajatichaatti damee hawaasummaatiin bu'aan olaanaan galmaa'uu ibsaniiru. Bara baajataa 2019ttis bu'aawwan ol’aanoo galmaa’an itti fufsiisuuf bu'aa caalu galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba hubachiisaniiru.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhiheessii Mana jireenyaa guddisuuf sagantaaleen garagaraa hojiirra oolaa jira
Aug 4, 2026 95
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhiyeessii Mana jireenyaa dabaluuf sagantaalee gara garaa hojiirra oolaa jiraachuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Konsitiraakshinii Bulchiinsichaa beeksise. Biirichi waggoota lamaan darban keessatti manneen waliin jireenyaa 367 ijaare har’a abbootii carraatiif dabarseera. Itti Aanaan Biirichaa Obbo Iimaaj Abdallaa gamasaaniin fedhii mana jireenyaa Magaalichaatti dabalaa dhufeef deebii kennuuf biirichi hojjechaa jiraachuu ibsanii,manneen waliin jireenyaa ijaaruun hawaasaaf haala haqa qabeessaan dabarsuun cimee itti fufuu isaa ibsaniiru. Guyyaa har’aas Manneen waliin jireenyaa 367 carraan isaanii sirna dijitaalaatiin baafamee warra qusataniif dabarfamuusaa dubbataniiru. Hogganaan Waajjira kantiibaa Bulchiinsichaa Obbo Kadir Aliyyii gama isaaniitiin bulchiinsichi abbootii qabeenyaa fi hawaasa tajaajila lammummaan qindeessuun manaa haaraa ijaaruu fi kan durii haaromsuu raawwachuusaa eeraniiru. Gaaffii ijaarsa mana barsiisotaaf deebii kennuuf Baankii waliin walqabsiisuun hojjetamuu ibsanii, misooma manaa cimsuudhaan sirna 10/90 fi 20/80n saffisaa fi qulqullinaan keessummeessuuf ciminaan akka kan hojjetu ta'uu mirkaneessaniiru. Namoota carraa manaa argatan keessaa jiraataan ganda 08 Obbo Shiibaan Amee fi jiraataa ganda 04 Obbo Gannanaa Haayiluu bulchiinsichi dhiheessa manaa guddisuuf adeemsi inni deeme gaaffii ummataa deebiseera jedhaniiru.
Itoophiyaan Qabeenya Albuudaashee Utubaa Dinagdeeshee boruu taasisaa jirti- CNN
Aug 4, 2026 98
Gaazexeessituun CNN Viktoriyaa Ruubidaari gabaasa ishee Itoophiyaarratti xiyyeeffateen, biyyattiingaarawwan ishee irraa warqee dabalatee oomishoota Albuudota sibiilaa gurguddaa omishuuf tattaaffiin taasisaa jirtu arguushee dubbatteetti. Gabaasa ishee keessatti, Itoophiyaan damee Albuudaan madaalli humna olaanaa ta’uu akka barbaaddu ibsuun, pirojektiin warqee Kurmuk Naannoo Benishaangul Gumuzitti argamu invastimantii Albuuda Itoophiyaa keessatti argaman gurguddaa caqasamu ta’uu dubbatte. Lixa Itoophiyaatti gaarawwan magariisa uffatan gurguddoo irratti qabeenyi warqee doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisan akka jiranii fi industiriiwwan haaraan mul’achaa jiraachuusaanii dubbatteetti. Lafa irratti ogeeyyiin ijaarsaa fi Albuuda baastootni kumaatamaan lakkaa’aman ijaarsa warshaa Albuuda warqee guddaa Itoophiyaa keessatti ijaaraa jiraachuusaanii ibsiteetti. Ogeessi Albuudaa fi ji’oolojii bakkichatti argamu hojii qulqulleessa albuudaa fi warqee gaggeessaa akka jiru ibsiteetti. Gaazexeessituun kun adeemsa qulqulleessa warqee fi oomishtummaa ilaalchisee ogeeyyii irraa ibsi argachuushee addeessiteetti. Adeemsichi warqee argachuu baay’ee ulfaataa fi dadhabsiisaa ta’uu isaa ibsitee, ta’us carraan sun bu’aa guddaa kan argamsiisu ta’uu dubbatteetti. Warqee biyya alaa erguun qulqulleessuurra, warshaan albuuda warqee Kurmuk pilaantii qulqulleessuu kan mataa isaa qabaachuu isaa daawwannaasheen hubachuushee addeessiteetti. Gaazexeessituun CNN Viktooriyaa Ruubidaari warqeen galii daldala alaa biyyattii isa guddaa ta'aa dhufuusaa ibsiteetti. Waggaa darbe galiin daldala alaa warqeedhaan argame olaanaa ta’uu isaa dubbatteetti. Ruubidaari barbaacha irraa hanga oomishtummaatti torbanoota dhihootti gara Marsariitiitti kan dhufu ta’uu ibsitee, kunis karoora industirii Itoophiyaa ifatti kan argisiisuu fi Itoophiyaan qabeenya albuudashee utubaa dinagdee egeree gochaa akka jirtu CNN gabaasa isaatiin hubachiiseera.
Siyaasa
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Kutannoo Ummanni Itoophiyaa Sirna Diimokraasii Ijaaruuf Qabu Qabatamaan Kan Mirkaneesseedha
Aug 2, 2026 700
Adoolessa 26/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa 7ffaan kutannoo ummanni Itoophiyaa sirna diimokiraasii ijaaruuf qabu qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa (AMICO) waliin turtii taasisaniiru. Turtii isaaniitiinis, filannoon waliigalaa 7ffaan buufataalee filannoo kuma 50 ol irratti kan gaggeeffamee fi ummatnis osoo hin nuffiin sa'aatii dheeraa hiriiree sagalee isaa kenne ta'uu eeraniiru. Filannoon agarsiistuu sirna diimokiraasiiti kan jedhan Ministirri Muummeen filannoon karaa ummatni mootummaa diimokraatawaa ijaaruuf kutannoo qabu ittiin agarsiisu ta'uu isaas dubbataniiru. Lammiileen miiliyoona 54 ol ta'an adeemsa filannoo kana irratti hirmaachuun isaanii waan baay'ee akka barannu nu taasiseera kan jedhan Ministirri Muummeen, nageenya keenya akka sakattaanu, dhaabbilee keenya akka fooyyessinuu fi miira ummataa caalaatti akka hubannu nu taasiseera jedhaniiru. Kanaan booda Itoophiyaa keessatti karaa filannootiin ala karaa biraatiin aangoo itti argatan akka hin jirres eeraniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan aangoo karaa nagaa fi eeyyama ummataatiin qofa argachuun akka danda'amu kan agarsiise ta'uu eerun, filannichi hiika guddaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan dammaqsaas ture kan jedhan Ministirri Muummeen, lammiileen sagaleen dhukaasaa osoo itti dhaga'amuu, roobni, qorrii fi gufuuleen osoo isaan hin daangessiin gatii baasanii sagalee isaanii kennuuf tattaaffiin taasisan kan dinqisiifamudha jedhaniiru. Filannichi Itoophiyaanonni ijaarsa biyyaa irratti yaada faallaa dhaga'uuf qophaa'oo ta'uu dhabuu isaanii qabatamaan kan agarsiise ta'uus ibsaniiru. Ijaarsa biyyaa fi jiraachuun mootummaa faayidaan isaa maal akka ta'e dhaamsa guddaa kan dabarse ta'uus dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi bal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa taasiseera – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 31, 2026 984
Adoolessa 24/2018 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad uummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi babal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa gumaacheera jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dhaabbata Miidiyaa Amaaraa (AMC) waliin marii taasisaniiru. Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda sirna siyaasaa fooyyessuu, imala diinagdee saffisiisuu fi hunda hammatee taasisuuf yeroo jijjiirama biyyaalessaa ammaa fi kanaan duraa keessatti qabsaa’aa turuu yaadachiisaniiru. Imala jijjiirama kana hordofe keessatti ummanni naannoo Amaaraa fi ummanni Itiyoophiyaa guutuun harka isaa diriirsuun jijjiirama kana fudhachuun biyya tasgabbeessuu keessatti ga’ee isaanii akka ba’an hubachiisaniiru. Mootummaan haala siyaasaa fi diinagdee jijjiirama kanaan dura ture jijjiiruuf hojiiwwan bal’aa hawaasummaa raawwachuu isaa eeruun, adeemsa baniinsaa kana keessatti wanti gaariin mul’ateera jedhan. Haa ta'u malee, humnoonni karaa baname irratti dantaa sabaa Itiyoophiyaa mormuu fi miidhuuf hiriiran jiraachuus hubachiisaniiru. Qormaatni jiraatus ummanni naannoo Amaaraa karaan ida’amuu filannoo qofa ta’uu fi badhaadhinaaf carraaqqiin taasifamu sirrii ta’uu waan amanuuf, filannoon bara kanaa amantaa sana qabatamaan mirkaneessee jira. Kana malees, waliin hojjechuun, ciminaan hojjechuun, akka biyyaatti tokkummaan biyya seena qabeettii cimsuu akka dandeenyu ummanni yeroon itti amanu amma ta’uu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Yaa’ii ijoon gareewwan saddet hirmaattota 500 qabaniin Wiixata dhufu eegala- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa
Jul 31, 2026 705
Adoolessa 24/2018(ENA) : Yaa’ii ijoon gareewwan saddet hirmaattota 500 qabaniin Wiixata dhufu ni eegala jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan. Piroofeesar Masfin Ara’aayaan adeemsa yaa’ii marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kennaniin, gareewwan 16 hirmaattota 250 qaban ajandaalee irratti mari’achaa turan gabbisuun gareewwan 8 hirmaattota 500 qabaniif kan dhiyeessan ta’uu ibsaniiru. Mari’attoonni ajandaalee irratti waliigalteerra gahuun akka irraa eegamu eeranii, waliigalteerra gahuun seeraafi sirna mataasaa qaba jedhaniiru. Adeemsa waliigalteerra gahuu keessatti guutummaatti waliigalamuu yoo baate adeemsi ittiin hiikamu jiraachuus kaasaniiru. Kanaaf immoo gareen bakka bu’oota sadarkaa naannoo fi federaalaatti filatan jiraachuu eeruun, garichis garee naannoo fi bulchiinsa magaalotaa yookaan garee dhaabbilee federaalaa akka jedhamu ibsaniiru. Ogeeyyiin garaagaraa guyyoottan itti aanan hirmaattotaaf deeggarsa akka taasisan kaasanii, ogeeyyiin kunneen Kanaan duras deeggarsa gochaa turuu eeraniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee adeemsifamaa jira. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Manni Maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 12ffaa gaggeessuu eegale
Jul 30, 2026 928
Adoolessa 23/ 2018(ENA): Manni Maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 12ffaa bara hojii 5ffaa marsaa 6ffaa gaggeessuu eegaleera. Yaa’ichaan gabaasa raawwii karooraa bara baajataa 2018 irratti ni mari’atamaan eegama. Labsiiwwan garaagaraafi baajanni bara 2019 naannichaa mana marichaaf dhiyaachuun ni raggaasifamu jedhamee eegama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Mariin Biyyaalessaa Carraa Seenaa Keessatti Argamee, Biyya Waloo fi Nageenya Waaraa Ijaaruuf Dandeessisudha - Dr. Biraanuu Leenjisoo
Jul 30, 2026 814
Adoolessa 23/2018(ENA) : Mariin Biyyaalessaa adeemsifamaa jiru biyya waloo, tasgabbii fi nageenya waaraa qabdu ijaaruuf carraa guddaa seenaa keessatti argame ta'uu Oggeessi Saayinsii Hawaasaa Dr. Biraanuu Leenjisoo ibsan. Dr. Biraanuu Leenjisoo ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, biyyi tokko kan ijaaramuu danda'u marii fi waliigaltee lammiilee fooyyessuun waan ta'eef, adeemsi kun bu'uura cimaa ijaarsa biyyaati jedhani. Itoophiyaa keessatti aadaan marii fi wal dhaggeeffachuu kan hin guddanne ta'uu kan eeran Dr. Biraanuun, seenaa siyaasaa darbe keessatti wal-amantaa fi garaagarummaa keessatti furmaata waliinii barbaaduu caalaa walitti bu'iinsatu baay'inaan calaqqisaa ture jedhaniiru. Kanaafuu, jalqabbiin aadaa marii kanaa guutummaan guutuutti rakkoo hunda yoo furuu baateyyuu, marii jalqabuun mataan isaa injifannoo fi milkaa'ina guddaa akka ta'e eeran. Komishinii Marii Biyyaalessaatiin dhimmoota seenaa fi ajandaa dhiyaatan irratti mari'achuu fi uummata gara waliigaltee walootti fiduuf adeemsi taasifamaa jiru kun haalaan barbaachisaa dha jedhaniiru. Biyya mariin keessatti hin dagaagiinii fi waliigaltee uummataatiin hin ijaaramiin keessatti sirna dimookiraasii bu'uureessuuf adeemsi marii kun mataan isaa bu'aa guddaa ta'uu fi wal-hubannoo waloo uumuu irratti gahee murteessaa akka qabu himaniiru. Itoophiyaan biyya sab-daneessaa, aadaa-daneessaa fi afaan-daneessaa ta'uushiitiin, uummatoonni biyyattii dhimmoota ijoo irratti waliigaltee waloo uumuu fi waan waloo tokko wajjin ijaaruun murteessaa akka ta'e eeraniiru. Yeroo amma kana rakkoolee jiran hiikuun kan danda'amu mari'achuun malee akka jaarraa 19ffaa humnaa fi afaan qawweetiin ijaarsa biyyaa itti fufuun akka hin danda'amne Dr. Biraanuun hubachiisaniiru. Rakkoolee fi wal-waraansa seenaa waggaa baay'ee ture hundee irraa furuudhaan biyya tasgabbii, nageenyaa fi misooma qabdu fiduuf jalqabbiin marii aadaa godhachuun amma jalqabame abdachiisaa ta'uu dubbataniiru. Mariin biyyaalessaa kun adeemsa isaatiinuu bu'aa guddaa kan qabudha; sababni isaas Itoophiyaa keessatti wajjin gadi taa'anii dubbii hiikuun aadaa waan hin ta'iniif, aadaa marii jalqabuun waan guddaa ta'uu himaniiru. Hanqinaaleen gara garaa mul'atanis, jalqabbii kana xiqqeessanii ilaaluu osoo hin taane, muuxannoo irraa argachaa fi hanqina jiran hiikaa deemuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru. Ijaarsa biyyaa keessatti hayyoonni siyaasaa wajjin gadi taa'anii mari'achuun, mul'ata waloo kaayyachuufi biyya eenyummaa lammiilee wal-qixxummaatti bakka bu'u ijaaruu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru. Seenessi biyyattii seenessa gara tokkotti qofa deebi'ee osoo hin taane, seenessa uummattoota biyya kanaa wal-qixxummaan calaqqisiisu ta'uu danda'uu qabas jedhaniiru. Jalqabbii marii kana kunuunsuudhaan, rakkoolee fi hanqinoota adeemsa keessatti mul'atan sirreessaa deemuun biyya tasgabbii fi badhaatuu ijaaruun ni danda'amas jedhaniiru. Itoophiyaa keessatti abdiin marii biyyaalessaa irratti kaa'ame guddaa waan ta'eef, dogoggora malee waan hundumaa raawwachuuf eeguu caalaa, yaalii fi adeemsa keessa sirreessaa deemuun amala marii ta'uu akka qabu dubbataniiru. Aadaa siyaasa wal-mari'achuu hin baratamne keessaa gara marii fi wal-dhaggeeffachuutti ce'uun adeemsa barumsa guddaa biyya fayyadu ta'uu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Marii Biyyaalessaa irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii'achaa jirra.-Jaal Sanyii Nagaasaa
Jul 29, 2026 1047
Adoolessa 22/2018(ENA): Marii Biyyaalessaa irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii'achaa jiraachuusaanii Jaal Sanyii Nagaasaa ibsan. Marii biyyaalessaa irratti hirmaachaa kan jiran Jaal Sanyiin akka jedhanitti, hanga ammatti mariicha irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii’atamaa jiraachuu ibsaniiru. Waldhabdeewwan biyya keessa jiran hunda karaa nagaa fi mariitiin hiikuuf Mariin Biyyaaleessaa furtuu murteessaa ta’uu Jaal Sanyiin ibsaniiru. Waldhabdee biyya keessatti waggoota hedduudhaaf ture karaa nagaatiin furuuf mariin baay'ee murteessaa ta'uu dubbataniiru. Itti dabaluunis, yeroo ammaa wanti bosonatti nama hambisu hin jiru; kanaaf karaa nagaa fi marii akka filannootti fudhanneerra jechuun ibsaniiru. Rakkoolee siyaasaa afaan qawweetiin hiikuun furmaata filatamaa akka hin taane kan eeran Jaal Sanyiin, kanaan dura sababa karaan nagaa cufamee tureef qawwee kaasuun dirqama ta’ee akka turee fi amma garuu carraa argameen rakkoolee jiran karaa nagaan furuuf filachuu isaanii dubbataniiru. Hanga ammatitti ajaandawwan adda addaa irratti garee gareen ta’uudhaan dammaqinaan mari’atamaa akka jiru himaniiru. Mariin Biyyaaleessaa kun siyaasa biyyaa keessattis ta’e rakkoolee biroo karaa nagaan furuuf carraa guddaa argameedha jedhaniiru. Hirmaattonni marichaa naannoolee hunda irraa dhufan irratti hirmaachuun isaanis rakkoolee jiran mariin furuuf carraa gaarii akka ta’e eeraniiru. Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#mariidhaan# See less
Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar Af-Yaa’ii Paarlaamaa Azarbaajan waliin mari’atan
Jul 29, 2026 903
Adoolessa 22/2018 (ENA): Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar Af-Yaa’ii Paarlaamaa Azarbaajan Dr.Sahiibaa Gafaroovaa fi miseensaota isaanii waliin mari’ataniiru. Mariichaanis dhimmoota hojiiwwan paarlaamaa, walitti dhufeenya dinagdee, dhimmoota naannoo fi Idil-Addunyaa irratti mari’ataniiru. Obbo Aganyoo Tashaagar wayita sana akka ibsanitti, daawwannaan kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Azarbaajan cimaa dhufaa jiru gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf kutannoo waliinii qaban kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad yeroo dhiyoo daawwannaa Baakuutti taasisan walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Azarbaajan gidduutti boqonnaa haaraa banuu isaa yaadachiisaniiru. Keessattuu Azarbaajaan tajaajila gama "Masoob" tajaajila wiirtuu tokkoo fooyyessuuf deeggarsa taasiftee dinqisiifachuun, tumsi kun ammayyummaa tajaajila mootummaa irratti gumaacha olaanaa taasisuu isaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama biyyaalessaa gaggeessaa jirtu bal’inaan ibsuun, komishiniin marii biyyaalessaa adeemsa ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuuf gahee qabu ibsaniiru. Dabalataanis sagantaan Ashaaraa Magariisaa fi pirojektoota misooma koriidaraa eegumsa naannoo, misooma waaraa fi ammayyummaa magaalotaa saffisiisuuf kan tajaajilan ta’uu hubachiisaniiru. Damee dippiloomaasii paarlamaatiin, gareewwan michummaa biyyoota lamaanii seera baasuu, ijaarsa dandeettii dhaabbataa, sirna paarlamaa dijiitaalaa, akkasumas hirmaannaa ummataa gabbisuu irratti tumsa isaanii guddisuu akka danda'an ibsanii, keessattuu walitti dhufeenyi miseensota paarlaamaa dargaggootaa fi dubartootaa cimuun walitti dhufeenya ummataa fi ummataa biyyoota lamaanii kan guddisu ta’uu kaasaniiru.
Mariin biyyaalessaa gaaffilee uummataaf furmaata dhugaa fiduuf bu'uura kan kaa'udha – Hirmaattota
Jul 29, 2026 963
Adoolessa 22/2018 (ENA): Yaa'iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gaaffilee uummataatiif furmaata dhugaa fiduun tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf bu'uura kan kaa'u ta'uu hirmaattonni ibsan. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaanoota biyya keessaa fi ala jiran mariisisuun ajandaawwan marii ijoo saddeet adda baasuun dhiyeessuun isaa ni yaadatama. Kaniinis hirmaattonni kuma afur Finfinnee Wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti marii gaggeessaa jiru. Hirmaattonni mariichaa akka ENA’f ibsanitti; yaa'ii marii biyyaalessaa kana irratti dhimmoota biyyaalessaa murteessoo ta'an irratti haala ifa ta'een mariin taasifamaa jira. Yaada kennitoota keessaa Paastar Abbaayinee Bofee akka ibsanitti; mariin kun biyya keessaas ta'e biyya alaatti guutummaatti hawaasa Itiyoophiyaa kan hirmaachiseedha jedhaniiru. Mariin gaggeeffamu kun ijaarsa nageenya Itiyoophiyaatiif bu'uura kan kaa'u ta'uu ibsuun; ajandaawwan filataman irratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru,. Mariin biyyaalessaa hirmaachisaan kun rakkoolee Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf turan furuun waliigaltee biyyaalessa uumuuf furmaata guddaa akka ta’u Obbo Tasfaayee Dhaabaa dubbataniiru. Kanaafis marii biyyaalisaa Itiyoophiyaaf guutuu biyyattiirra walitti dhufuun yaadasanii bilisaan ibsachaa jiraachuu ibsuun, kunis gaaffii uummataaf furmaata waaraa fiduuf bu’uura kan kaa’u ta’uu dubbataniiru.

Hawaasummaa
Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to’annoo qindaa’aa raawwatamaniin bu’aan argameera
Aug 4, 2026 63
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuusaa Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa karoora dhibee Koleeraa biyyattii keessaa balleessuu fi hojiwwan raawwataman irratti kan xiyyeeffate konfiraansii marii guyyaa sadii gaggeessuu eegaleera. Sirna baninsa mariicharratti Itti aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa Dr. Malkaamuu Abitee akka ibsaniitti; yeroo gannaa dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hawaasni bishaan qulqullaa'e fayyadamuu fi of eegggannoo barbaachisaa taasisuu qaba jedhaniiru. Qaamota dhimmi ilaalu wajjin ta’uun hojiiwwan ittisaa hojjetamaa jiraachuun kan eerame yoo ta'u; hawaasni waanti shakkisiisaan yoo isa quunname lakkoofsa sarara bilisaa 8335 irratti bilbiluun odeeffannoo argachuu akka danda'u ibsaniiru. Dhaabbileen fayyaa fi Ogeeyyiin qophii ta’uusaanii ibsuun; Hawaasni wal’aansa barbaachisaa argachuu akka danda'u dubbataniiru. Ammaan dura dhibee Koleeraa ittisuuf hojiiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuu ibsaniiru. Qulqullinaan, talaalliin akkasumas damee dursanii ittisuun hojiiwwan milkaa’oon raawwataman Koleeraa balleessuuf kan dandeessisan ta'uu ibsanii; bu'aa kana cimsanii itti fufsiisuuf hojiin qindaa'aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sadarkaa biyyaalessaatti tarsiimoo Koleeraa dhabamsiisuuf qophaa’ee biyyoota biroof fakkeenya kan ta’u fi haala bu’aa qabeessa ta’een hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Itoophiyaan damee kanaan hojii Afriikaaf fakkeenya kan ta’u kan raawwatte yoo ta’u naannoo daangaa biyyoota ollaa wajjin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee michootaa fi qaamota dhimmi ilaalu wajjin mariin taasifamu kun dhibicha guutummaatti balleessuuf tattaaffii taasifamu kan cimsu ta'uu ibsaniiru. Daarektarri to’annoo Balaa Fayyaa Hawaasaa, Deebii fi Deebisanii dhaabuu Inistitiyuutichaa Obbo Madaaniyyee Habtatsiyoon human namaa fi laabiraatoorii dhibeewwan ittisuuf dandeessisu jiraachuu ibsaniiru. Kunis hojiiwwan adda baasuu saffisaa raawwachuuf deebii ariifachiisaa kennuudhaaf kan dandeessise ta'uu ibsaniiru. Maricharratti kan argaman Itoophiyaatti ogeessi balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Iinoosenti Komaakech gama isaaniitiin, Itoophiyaan Koleeraan yaaddoo fayyaa hawaasaa akka hin taane hojiin isheen raawwatte kan dinqisiifatu ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tattaaffii Itoophiyaan taasiftu deeggaruuf michummaasaa cimsee kan itti fufu ta'uun ibsameera.
Bara baajataa xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo galmeessisteetti
Aug 4, 2026 40
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Bara baajataa 2018 xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo kan galmeessite ta’uun ibsameera. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Kilaastara Misooma Hawaasummaarratti raawwii bara baajataa 2018 fi karoorra bara baajataa 2019 irratti mari’ateera. Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi bakka bu’aan qindeessaa Kilaastara Misooma Hawaasummaa Dr. Yohaannis Caalaa akka ibsaniitti; kilaastarichi bara baajataa 2018 qindoominaan hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduu raawwateera. Hojiiwwan dhaabbata tokko qofaan eegalmanii xumuramuu hin dandeenye fi tumsa dhaabbilee biroo gaafatan walitti qindaa’anii karoorfamanii, waliin gamaggamamuun bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu isaanii yaadachiisaniiru. Haaluma kanaan bara baajataa xumurameetti fayyaa, barnoota fi dameewwan hawaasummaa biroo keessatti uummata fayyadamaa kan taasisan hojiwwan hedduun qindoominaan bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu eeraniiru. Sirni qindoomina kanaa dhaabbilee hundaaf dandeettii kan uumuu fi muuxannoo gaarii ta’uu isaatiin, fuuldurattis dameewwan hundatti cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. Itti aanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Saamsoon Mallaasaa bara barnootichatti milkaa’owwan galmaa’an akka milkaa’an Kilaasatarri Misooma Hawaasummaa gahee ol’aanaa taphachuu isaa ibsaniiru. Kilaastarichi fayyaa barattootaa, nyaata, qulqullina barnootaa fi leenjii akkasumas to’annoo waliin hojiwwan raawwataman saffisiisuuf gumaacha ol’aanaa gumaachuu isaa eeraniiru. Kanaanis bara baajataa xumurameetti dhaabbilee barnootaa hunda keessatti adeemsi barsiisuu fi barachuu tasgabaa’aa, nagaa fi mijataa ta'e akka jiraatu dandeessiseera. waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Obbo Mollaa Nugus gama isaaniitiin, bara baajatichaatti damee hawaasummaatiin bu'aan olaanaan galmaa'uu ibsaniiru. Bara baajataa 2019ttis bu'aawwan ol’aanoo galmaa’an itti fufsiisuuf bu'aa caalu galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba hubachiisaniiru.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhiheessii Mana jireenyaa guddisuuf sagantaaleen garagaraa hojiirra oolaa jira
Aug 4, 2026 95
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhiyeessii Mana jireenyaa dabaluuf sagantaalee gara garaa hojiirra oolaa jiraachuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Konsitiraakshinii Bulchiinsichaa beeksise. Biirichi waggoota lamaan darban keessatti manneen waliin jireenyaa 367 ijaare har’a abbootii carraatiif dabarseera. Itti Aanaan Biirichaa Obbo Iimaaj Abdallaa gamasaaniin fedhii mana jireenyaa Magaalichaatti dabalaa dhufeef deebii kennuuf biirichi hojjechaa jiraachuu ibsanii,manneen waliin jireenyaa ijaaruun hawaasaaf haala haqa qabeessaan dabarsuun cimee itti fufuu isaa ibsaniiru. Guyyaa har’aas Manneen waliin jireenyaa 367 carraan isaanii sirna dijitaalaatiin baafamee warra qusataniif dabarfamuusaa dubbataniiru. Hogganaan Waajjira kantiibaa Bulchiinsichaa Obbo Kadir Aliyyii gama isaaniitiin bulchiinsichi abbootii qabeenyaa fi hawaasa tajaajila lammummaan qindeessuun manaa haaraa ijaaruu fi kan durii haaromsuu raawwachuusaa eeraniiru. Gaaffii ijaarsa mana barsiisotaaf deebii kennuuf Baankii waliin walqabsiisuun hojjetamuu ibsanii, misooma manaa cimsuudhaan sirna 10/90 fi 20/80n saffisaa fi qulqullinaan keessummeessuuf ciminaan akka kan hojjetu ta'uu mirkaneessaniiru. Namoota carraa manaa argatan keessaa jiraataan ganda 08 Obbo Shiibaan Amee fi jiraataa ganda 04 Obbo Gannanaa Haayiluu bulchiinsichi dhiheessa manaa guddisuuf adeemsi inni deeme gaaffii ummataa deebiseera jedhaniiru.
Bu'aa waloo Bulchiinsota Magaalaa Finfinnee fi Shaggar
Aug 1, 2026 636
Adoolessa 25/2018 (ENA): Bulchiinsonni Magaalaa Finfinnee fi Shaggar bara bajataa 2018tti qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisuurratti qindoominaan hojiiwwan hojjetaniin bu'aa gaarii galmeessuun isaanii ibsame. Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee fi Waajjirri Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar raawwii hojii nageenyaa waloo bara bajataa 2018 fi karoora waloo bara bajataa 2019 irratti waltajjii marii gaggeessaniiru. Waltajjii kana irratti hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Lidiyaa Girmaa; Bulchiinsonni magaalaa lamaanii dhimmoota sektera nageenyaa irratti waliin hojjechuu danda'an irratti kanaan dura walii galtee uumuu isaanii ibsaniiru. Waliigaltee kana bu'uura godhachuudhaan bara bajataa 2018 jalqaba irratti karoora nageenyaa fi tasgabbii waloo qopheessuudhaan gara hojiitti galuu isaanii dubbataniiru. Hojii qindoominaa raawwatamee fi hojii yakka ittisuu ummata giddu-galeessa godhateen, sadarkaan yakkaa bara darbee waliin yeroo madaalamu xiqqaachaa dhufuusaa ibsuun hojiin qindoominaa kun fuulduraattis cimee akka itti fufu dubbataniiru. Gama biraatiin,itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaa Kilastara Dinagdee Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Guyyoo Galgaloo; Magaalaawwan lamaan akkuma waliin karoorfatanitti sochiiwwan seeraan ala ta'an fashaleessuu irratti hojiin milkaa'ina qabu hojjechuu isaanii dubbataniiru. Qaamolee nageenyaa sadarkaa kutaa magaalaa fi aanaatti jiran qindoominaan sochoosuun, karoora fi qajeelfama waliinii qopheessuudhaan sodaa nageenyaa hojii dursanii ittisuun fashaleessuun akka danda'ame dubbataniiru. Dabalataanis, bara 2018 keessatti hojiiwwan nageenyaa qindoominaan raawwataman bu'a-qabeessa ta'uu isaanii eeruudhaan, qindoominni kun fuulduraattis cimee akka itti fufu dubbataniiru. Kana malees, bulchiinsonni magaalaa lamaan bu'aawwan gaarii bara bajataa 2018 keessatti galmeessan bu'uura godhachuudhaan, bara bajataa 2019 keessatti hojiiwwan caalan waloon raawwachuu dandeessisu sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Diinagdee
Naannoo Harariitti caarraa hojii uumuu dandeettii irratti hundaa’e dagaagsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama
Aug 4, 2026 49
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Naannoo Harariitti Carraa hojii uumuu dandeettii irratti hundaa’e cimsuu fi aadaa hojii guddisuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Itti Aantuun Pirezidaantii Naannichaa fi walitti qabduun mana maree carraa hojii uumuu naannichaa Aadde Roozaa Umar ibsan. Manni Maree Carraa hojii Uumuu Naannichaa gabaasa raawwii hojii caraa hojii uuminsa bara baajataa 2018 fi karoorri bara baajataa 2019 irratti mari'ateera. waltajjicharratti rakkoo hojii dhabdummaa naannichaa hiikuufi carraawwan hojii dhaabbataa haaraa uumuuf xiyyeeffannoon kennamamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Carraa hojii Uumuu dandeettii irratti hundaa’e cimsuu akkasumas aadaa hojii fi hubannoo hojii barbaaddotaa bal’isuun kallattii xiyyeeffannoo fuulduraa keessaa tokko ta’uu Aadde Roozaan dubbataniiru. Keessattuu gabaarratti kan barbaadamaniifi leenjii dandeettii kennuu irraa kaasee aadaa hojii lammiilee guddisuun fayyadamummaa hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru. Bara baajataa 2019 karoora milkeessuuf hojiiwwan raawwataman keessatti hanqinoonni mudatan qolachuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qaban ibsanii; qaamni dhimmi ilaalu qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Hogganaan biiroo Misooma Industirii fi Intarpiraayizii Naannichaa Obbo Ismaa'il Yuusuuf gabaasa dhiyeessaniin naannichatti carraa hojiii uumuun fi leenjii ilaalchisee qaamota michootaa, mootummaa fi seektaroota dhuunfaa wajjin qindoominaan hojjetamaa turuu eeraniiru. Bara baajataa xumurame keessas baadiyyaa fi magaalattiif lammiilee qonnaan, industirii, tajaajiltootaa fi bobbii hojii biyya alaa keessatti carraawwan hojii dhaabbiin kuma 11 mijaa’uunsaa ibsameera. Carraa hojii uumameenis keessattuu dargaggoota, dubartoota, qaama miidhamtootaa fi lammiileen godaansarraa deebi’an fayyadamoo taasisuun danda'amuu eeraniiru.
Itoophiyaan Qabeenya Albuudaashee Utubaa Dinagdeeshee boruu taasisaa jirti- CNN
Aug 4, 2026 98
Gaazexeessituun CNN Viktoriyaa Ruubidaari gabaasa ishee Itoophiyaarratti xiyyeeffateen, biyyattiingaarawwan ishee irraa warqee dabalatee oomishoota Albuudota sibiilaa gurguddaa omishuuf tattaaffiin taasisaa jirtu arguushee dubbatteetti. Gabaasa ishee keessatti, Itoophiyaan damee Albuudaan madaalli humna olaanaa ta’uu akka barbaaddu ibsuun, pirojektiin warqee Kurmuk Naannoo Benishaangul Gumuzitti argamu invastimantii Albuuda Itoophiyaa keessatti argaman gurguddaa caqasamu ta’uu dubbatte. Lixa Itoophiyaatti gaarawwan magariisa uffatan gurguddoo irratti qabeenyi warqee doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisan akka jiranii fi industiriiwwan haaraan mul’achaa jiraachuusaanii dubbatteetti. Lafa irratti ogeeyyiin ijaarsaa fi Albuuda baastootni kumaatamaan lakkaa’aman ijaarsa warshaa Albuuda warqee guddaa Itoophiyaa keessatti ijaaraa jiraachuusaanii ibsiteetti. Ogeessi Albuudaa fi ji’oolojii bakkichatti argamu hojii qulqulleessa albuudaa fi warqee gaggeessaa akka jiru ibsiteetti. Gaazexeessituun kun adeemsa qulqulleessa warqee fi oomishtummaa ilaalchisee ogeeyyii irraa ibsi argachuushee addeessiteetti. Adeemsichi warqee argachuu baay’ee ulfaataa fi dadhabsiisaa ta’uu isaa ibsitee, ta’us carraan sun bu’aa guddaa kan argamsiisu ta’uu dubbatteetti. Warqee biyya alaa erguun qulqulleessuurra, warshaan albuuda warqee Kurmuk pilaantii qulqulleessuu kan mataa isaa qabaachuu isaa daawwannaasheen hubachuushee addeessiteetti. Gaazexeessituun CNN Viktooriyaa Ruubidaari warqeen galii daldala alaa biyyattii isa guddaa ta'aa dhufuusaa ibsiteetti. Waggaa darbe galiin daldala alaa warqeedhaan argame olaanaa ta’uu isaa dubbatteetti. Ruubidaari barbaacha irraa hanga oomishtummaatti torbanoota dhihootti gara Marsariitiitti kan dhufu ta’uu ibsitee, kunis karoora industirii Itoophiyaa ifatti kan argisiisuu fi Itoophiyaan qabeenya albuudashee utubaa dinagdee egeree gochaa akka jirtu CNN gabaasa isaatiin hubachiiseera.
CNN Dhimma Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa irratti
Aug 4, 2026 115
Chaanaaliin televijiinii beekamaan CNN akka gabaasetti Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa pirojektii guddaa biyyoota naannichaa Itoophiyaan ala jiran keessatti anniisaan fayyadaa jiraachuu gabaasa isaan ibseera. Hidhichi lammiilee Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’amaniif ifa akka fides hubachiisee jira. Gaazexeessituu CNN kan taate Viktooriyaa Rubaadaariin gara Gubaa imaluun gabaasa dhugummaa Hidhichaa dhiyeessiteetti. Ogeeyyiin injinariinjii fi ogeeyyiin ijaarsaa kumaatamaan lakkaa'aman naannoo gogaa kana gara hidha guddaa Afrikaatti jijjiiruu isaanii ibsiteetti. Hidhichi agarsiisa gahumsa injinariinjii ta'uu ibsiteetti. Hidhi Haaromsaa ijaarsa waggaa 14 booda akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2025 baatii Fulbaanaa eebbifamuu isaa himteetti. Hidhichi faayinaansii mootummaa, boondii fi filannoowwan faayinaansii biyya keessaa adda addaatiin dandeettii Itoophiyaanotaan kan ijaarame ta’uu ibsiteetti. Hidhi guddaan kun lammiilee Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'amaniif ifa kennuu qofa osoo hin taane, biyyoota ollaatiif ibsaa ni kenna. Hidhichi Itoophiyaa bira darbee bu’aa dinagdee guddaa kan qabaatu ta’uus, wiirtuu walitti hidhamiinsa humna naannolee fi bakka turistii ta’ee kan tajaajilu ta’uu himteetti. Hojii Gaggeessaa olaanaa Piroojektii Hidha Guddicha Itoophiyaa kan Injiinar Kiflee Hooroon dhiyeessuun CNN akka gabaasetti, Itiyoophiyaan hidha kana haala biyyoota yaa’a gadii hin miineen fayyadamaa jirti jedha. Injinar Kifleenis hidhichi dhiyeessii bishaanii hir’isee jira jechuun Masriin kan himattu dubbii sobaa bu’uura kan hin qabne ta’uu ibsaniiru. Yeroo ammaa kana lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 6 ta’an humna tarbaayinoota Hidha Haaromsaa 13 maddisiisan irraa fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsaniiru. Hidhichi Itoophiyaa bira darbee Sudaan, Jibuutii, Keeniyaa fi Taanzaaniyaaf humna ibsaa kennuu akka danda’e, gara fuulduraattis humna Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaatti gurguruuf qophiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Akkasumas odolawwan Hidha Haaromsaa hara Nigaat irratti uumaman turizimiidhaaf carraa guddaa akka qaban eeruun, gara fuulduraattis bu’uuraaleen misoomaa akka bakka turistiitti tajaajilaniif kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Dhimmi Hulaa Galaanaa dantaa biyyaalessaa lammiilee hundaati waan ta’eef gaaffii deebii argachuu qabudha- Dr. Biraanuu Leenjisoo
Aug 4, 2026 118
Adoolessa 28/2018(ENA): Dhimmi Hulaa Galaanaa dantaa biyyaalessaa lammiilee hundaati waan ta’eef gaaffii deebii argachuu qabu akka ta’e Hayyuun Saayinsii Hawaasaa Dooktar Biraanuu himani. Hulaan Galaanaa eenyummaa fi seenaa Itoophiyaa ibsuu keessatti gahee guddaa kan qabudha malee dhimma yeroo gabaabaa akka hin taane Dooktar Biraanuu Leenjisoo ENA waliin turtii taasisaniin ibsaniiru. Dooktar Biraanuun akka himanitti, Itoophiyaa ammayyaa keessatti walitti dhufeenyi biyyattiin hulaa Galaanaa waliin qabdu baay'ee cimaa dha jedhani. Gaaffiin Hulaa Galaanaa Itoophiyaan dhiheesitu dhimma seenaa, fayyadamummaa waloo fi bu'aan isaa damdaneessa ta'edha jedhaniiru Akkasumas, seenaa fi eenyummaa biyyattii ibsuu, daldala addunyaa irratti hirmaachuu fi tarsiimoo Ji’oo-politiikaa keessatti dhimmi Galaanaa wantoota ijoo ta'an keessaa tokkodha jedhani. Humna guddaa Rijiinii Baha Afriikaa kanaa kan taate Itoophiyaan, Galaana irratti nageenya kabachiisuu fi shoororkeessummaa ittisuu keessatti gahee guddaa taphatti jedhaniru. Dhimmi Hulaa Galaanaa fedhii paartii yookiin mootummaa tokkoo qofa osoo hin taane, dantaa biyyaalessaa lammiilee hundaa waan ta’eef, karaa nagaa, diippiloomaasii fi seera addunyaa hordofuudhaan gaaffii kana deebisuun barbaachisaa ta'uu Dooktar Biraanuu Leenjisoo dubbataniira. Itoophiyaan seenaa ishee keessatti Hulaa Galaanaa ishee kabachiisuuf aarsaa guddaa kaffalaa kan turte ta’uu kan ibsan hayyuun kun, walitti bu’iinsawwan seenaa keessatti uumaman baay’een isaanii dantaa Hulaa Galaanaa waliin kan walqabatanidha jedhaniiru. Bara 1993 booda adeemsa iftoomina hin qabneen karri Galaanaa Itoophiyaatti cufamuu kan ibsan Dr. Biraanuun, Mootummaan ce'umsaa yeroo sanii dantaa biyyaa dabarsee kennuun Biyya Hulaa Galaanaa irraa adda kutuu isaa himaniiru. Itoophiyaan ummata guddaa fi Dinaagdee guddachaa jiru kan qabdu, akkasumas bishaan laga Naayil keessaa dhibbeentaa 80% Laga Abbaayyaatiin kan gumaachitu ta’us, Hulaa Galaana malee hafuun ishee rakkoo diinagdee fi tarsiimoo guddaa uumee jira jedhan. Itoophiyaan waggaatti kaffaltii kireeffannaa buufata Jibuutiif qofa gara doolaara biliyoonan kan kaffaltu yoo ta’u, kunis baasii diinagdee baay’ee guddaa akka ta’e himaniiru. Hulaan Galaanaa deebisanii argachuun faayidaa Diinagdee Biyyaalessaa Saffisiisuun Baasii buufata dooniif bahu hir’isuun, guddinna diinagdee akka calmaati arifachiisus himaniiru. Akkuma Hidha Guddicha Abbaayyaa irratti ummanni tokko ta’ee hojjete, dhimmi Hulaa Galaanaas dantaa biyyaalessaa waan ta’eef mormii siyaasaa cinaatti dhiisuun tokkummaa ummataa barbaada jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Saayinsii fi teeknooloojii
Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa jirti
Aug 4, 2026 116
Adoolessa 28/2018 (ENA): Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa akka jirtu Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa wixinee dambii iddoowwan niwukilaraa irratti dhaabbilee mootummaa, waldaalee ogummaa fi qooda fudhattoota biroo waliin waltajjii marii gaggeessaa jira. Itoophiyaan anniisaa niwukilaraa kaayyoo nagaa fi madda humna ibsaatiif fayyadamuu akka qabdu ifatti Ejensii Inarjii Atoomikii Idil-addunyaatiif erga ifatti beeksistee asitti sirna danbii cimsuuf hojiin bal’aan hojjetamaa turuusaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Solomoon Geetaachoo ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti ijaarsi dandeettii humna namaa, bu’uuraalee seeraa fi danbiiwwan qopheessuu, buufata fialachuu fi sirna inspeekshinii fi raawwachiisummaa akkaataa ulaagaa idil-addunyaatiin qophaa’aa jira jedhan. Wixineen dambii kun ulaagaalee dhaabbilee niwukilaraa bakka itti hundeessan, eegumsa nageenya naannoo fi hawaasaa, ittisa balaa uumamaa fi namtolchee fi deebii hatattamaa kan hammate ta’uu ibsaniiru. Abbaan taayitichaa Komishinii to’annoo Niwukilaraa Ameerikaa (USNRC), dhaabbata to’annoo Raashiyaa (Rostechnadzor) fi michoota idil-addunyaa biroo waliin ijaarsa dandeettii fi tumsa ogummaa gaggeessaa jira jedhan. Marii kanarratti galteewwan qooda fudhattoota irraa walitti qabaman wixinee dambii kana fooyyessuu fi raggaasisuuf bu’uura ta’uun kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira
Jul 25, 2026 1065
Adoolessa 18/2018(ENA)- Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Dr. Injiinar Warrquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee bakka Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamanitti yeroo jalqabaaf istaarti aappota hubannoo nam-tolcheen leenji’an eebbisiiseera. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa akka ibsanitti, cehumsi dijitaalaa humna namaa cimaa akkasumas bu’uraalee misoomaa amansiisaa gaafata. Inistiitiyuutiin kun yeroo gabaabaa hundeeffame keessatti biyyattii damee hubannoo nam-tolcheen fayyadamaa kan taasisan bu’aaleen hedduu argamuusaanii dubbataniiru. Dameee hubanno nam-tolcheetiin imaammannii fi tarsiimoon hubannoo nam tolchee Afriikaa keessatti yeroo jalqabaaf bocamuusaa, bu’aaleen rakkina furan oomishamuusaanii, ogeeyyota dijitaalaa ga’oomaa ta’an gabaa addunyaaf horachuun danda’amuu, bu’ura misoomaa hubannoo nam-tolchee diriirsuu fi bu’aaleen biroo argamuusaanii eeraniiru. Dameelee hundaan keessumaammoo dameelee dursi kennamuuf haqaa fi bulchiinsaa, mana murtii Ismaartii (mana murtii ammayyaa) fi buufata poolisii Ismaartii, fayyaa, tajaajila ummataa fi dameelee birootiin teeknooloojiiwwan ‘AI’n deeggaraman bal’inaan hojiirra ooluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf misooma humna namaaf hojiileen gabbisa dandeettii Istaarti aappiin, Samar Kaampiin, maneen barnootaatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee biroo keessatti cimaan hojjetamuu isaatiini jedhaniiru. Eebbifamtoonni yeroo jalqabaaf inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee keessatti leenji’an bu’aalee dinagdee dijitaalaa sochoosuuf qophii ta’an, kan sakatta’aman, hojiirra oolanii fi gabaa keessa galuu danda’an dhiheessuusaanii ibsaniiru. Bu’aaleen kunneen tarsiimoon dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 qabatamatti cehuusaa akka agarsiisan dubbataniiru. Leenjifamtoonni bu’aalee teeknooloojii rakkoo furan fayyaa, barnoota, geejjiba, teeknooloojii afaanii, Ismaarti siitii, faayinaansii fi misooma namaarratti hojjetan agarsiisa qophaa’erratti dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti.
Jul 25, 2026 620
Adoolessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti inistituutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa leenjitoota ji’oota jahan darban keessa leenjisaa ture eebbiseera. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna eebbaa kanarratti akka jedhanitti, hubannoon namtolchee egeree addunyaa bocuu fi murteessaa jira. Itiyoophiyaanis carraa kana fayyadamummaa biyyaalessaatiif akka fayyadamtuu fi egeree addunyaa bu’a qabeessa ta’een akka bocuuf dhaloonni dirree irratti argamu leenjisuunii fi dammaqsuuf tarkaanfii fudhachaa jirti jedhani. Kanaaf leenjifamtoonni sistaartaappii(tartup )Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa irraa eebbifaman fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Eebbifamuun bakka gahumsa dhumaa osoo hin taane, jalqaba imala dheeraa ta’uu ibsuun, leenjifamtoonni leenjii isaanii keessatti beekumsaa fi ofitti amanamummaa akka horatan dubbataniiru obbo Tamasgeen Xurunaan. Itti dabaluunis hojii kalaqaa isaanii qulqullinaan guddifachuu fi furmaata biyya fayyadu dhiyeessuun ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaa damee kanaan dorgomtuu taasisu ta’uu akka qaban dhaamaniiru. Dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaas imala fakkeenyummaa inistiitiyuutichaa akka hordofan waamicha dhiyeessaniiru. Itiyoophiyaan misooma jalqabbiitiin ofii qofa osoo hin taane dargaggoota Afrikaa hunda akka fayyadduuf hojiin itti fufiinsa qabu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Dhumarrattis, dhaabbilee jalqabaa eebbifamaniif jireenya hojii gaarii fi milkaa’aa akka qabaatan hawwaniiru. Agarsiisa guyyaa kana qophaa’e irratti leenjifamtoonni bu’aa teeknooloojii rakkoo furuu gama fayyaa, barnoota, geejjibaa, teeknooloojii afaanii, magaalota ismaartii, faayinaansii, fi misooma namaatiin hojjetan agarsiisaaf dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Jul 25, 2026 619
Adoolessa 18/2018 (ENA) : Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Haaluma kanaan bu’aa tattaaffii hubannoo namtolchee keenyaa arguu jalqabneerra obbo Tamasgeen Xurunuun. Leenjitoonni yeroo jalqabaaf baatiiwwan jahan darbaniif Giddugala ‘AI Istaart Aappi’tti leenji’aa turan eebbifamaniiru. Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana xiyyeeffannoo addaa mootummaan Itiyoophiyaa damichaaf kenneefi kallattii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheef kaa’een giddugalli kun akka dhugoomuuf qoodni isaa olaanaadha jedhan. Hoggansa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad damicha guddisuuf bahataniifis galateeffataniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolee Itiyoophiyaatti Giddugala ‘’AI Staart Up’f’’ leenjiin teekinikaa, ogummaa misooma oomishaa akkasumas tarsiimoo gabaa bal’inaanii fi bifa qindaa’aa ta’een kennamuu ibsaniiru. Giddugalichi leenjii Istaartaappotaaf kennuurra darbee bakka hojii mijataa, woorkishooppii hubannoo namtolchee sadarkaa isaa eeggate, giddugala daataa Kilaawudii fi riisoorsii kompiyuutiishinaalaa olaanaa akka fayyadaman taasiseera jedhan. Dabalataanis, koonfiransiiwwan idil-addunyaafi biyyaalessaa irratti akka hirmaatan gochuun qorattoota olaanoo hubannoo namtolchee inistiitiyuutichaan deeggarsiifi hordoffiin akka godhamuuf taasifamuu ibsaniiru. Deeggarsi kunis dargaggoonni kennaa isaanii gara carraa guddaatti akka jijjiiraniif haala mijataa uumuufii eeruun, isin ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaati; imala teeknooloojii Itiyoophiyaaf carraaquu qabdu jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Ispoortii
Ispeen Arjentiinaa injifachuun waancaa addunyaa kaafte
Jul 20, 2026 1307
Adoolessa 13/2018 (ENA): Ispeen tapha xumuraa waancaa addunyaa 23ffaa irratti Arjentiinaa 1 fi 0’n injifatte. Taphichi Niiw Yoorkitti Istaadiyeemii Niiw Jeersii keessatti kan gaggeeffame kun yeroo xapha idilee booda goolii malee qixa xumurame. Taphataan sarara gidduu Arjentiinaa Enzoo Fernandez daqiiqaa 93ffaa irratti kaardii keelloo lamaa fi kaardii diimaa erga argateen booda dirreedhaa lakkisee baheera. Gareen kunneen daqiiqaa 90 booda osoo hin injifatiin gara sa'aatii dabalataatti seenaniiru. Taphataan jijjiirraa Feeraan Toorees daqiiqaa 106ffaa irratti goolii injifannoo galcheera. Ispeen tapha kana irratti ol'aantummaa qabattee jirti. Goolii eegaa Arjentiinaa Emiliyaanoo Maartineez kubbaa hedduu qusachuu danda'eera. Morkattoonni Arjentiinaa tapha kana irratti ga’umsa gaarii agarsiisaniiru. Gareen kun carraa goolii galchuu tokkollee uumuu hin dandeenye. Bu'aa kana hordofuun Ispeen waancaa addunyaa ishee lammaffaa injifatte. Biyyi Awurooppaa kun waancaa addunyaa 19ffaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2010 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irratti injifchuun ishee ni yaadatama. Arjentiinaan ulfina waancaa addunyaa ishee itti fufsiisuuf turte hin dandeenye. Abjuun isaanii yeroo 4ffaaf waancaa kana injifachuuf qaban diigameera.
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2773
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Tapha mo’anii darbuu waancaa addunyaa 23 har’a galgalaa
Jun 30, 2026 6201
Waxabajjii 23/2018(ENA): Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa morkiin har’a Kootdivuwaar Noorweey waliin taasiftu ni eegama. Biyyoonni lamaan morkiin har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee waliin taasisan hawwiin eegama. Yeroo jalqabaaf har’a kan waliin taphatan biyyoonni kunneen marsaa itti aanutti darbuuf morkii cimaa taasisuun eegama. Akkasuma halkan sa’aatii 6:00 eegalee Faransaay Siwiidiin waliin taphatti. Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 24 keessaa Faransaay yeroo 12 yoo injifattu, Siwiidiin si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qooddataniiru. Taphoota halkan edaa fi barii kana taphatamaniin Paaraaguwaay Jarman injifachuun, Moorokoon ammoo Neezarlaandis injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 4139
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasaa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa jira.
Aug 3, 2026 341
Adoolessa 27/2018 (ENA): ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee himan. Sagantaan dhaabbii biqiltuu miliyoona 800 guyyaa tokkoo dhaabuuf mata duree "Abdii Haa Dhaabnu" jedhuun gaggeeffame ganama keessaa sa'aatii 12:00 jalqabee gaggeeffameera. ENA’n Hogganoota Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii fi Aanaa 6 waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaabaniiru. Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee akka ibsanitti, dhaabbatichi sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2018tiin yeroo sadaffaaf biqiltuu dhaabuu isaa eeraniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu har'a gaggeeffame irrattis hooggantoonni fi hojjettoonni dhaabbatichaa hirmaachuu isaanii ibsuun, fuulduraattis biqiltuu dhaabaman kunuunsuu hojiin akka itti fufu dubbataniiru. ENA’n milkaa'ina sagantaa ashaaraa magariisaatiif hawaasa dammaqsuu fi kakaasuu bira darbee qabatamaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti Hojii raawwachiisaan Aanaa 6 obbo Alamaayyoo Margaa akka jedhanitti, hirmaattoonni aanichaa halkan irraa jalqabee sagantaa ashaaraa magariisaa irratti dammaqinaan hirmaachaa turuu ibsan. Hirmaannaan jiraattoonni aanichaa sagantaa ashaaraa magariisaa irratti yeroo yeroon taasisan dabalaa dhufuu kan kaasan obbo Alamaayyoon, fuulduraattis kanuma cimsinee itti fufsiisna jedhaniiru. Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sochii olaanaadhaan jalqabamee hawaasni hundi ba'ee biqiltuu dhaabaa ooluu kan dubbatan immoo Itti Gaafatamtuu Waajjira Komuniikeeshinii Kutaa magaalichaa Qiddist Nigaatuu ti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Akkaataa Miidiyaaleen Idil Addunyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu gabaasaa oolan
Aug 3, 2026 240
Har’a sagantaa biyyaalessaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf guutummaa Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jira. Ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee lammiileen Itoophiyaa hundi sagantaa dhaabbii biqiltuu seena qabeessa kana irratti dammaqinaan hirmaachaa jiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachaa kan turan yoo ta'u, ashaaraa magariisa isaanii dhaabaniiru. Ministirri Muummee ergaa yeroo sana dabarsan keessatti biqiltuun abdiidha; wanti dhaabaa jirru egeree boruu fi egeree ijoollee keenyaati jedhani. Itoophiyaanonni tokkummaa fi tumsaan galma biyyaalessaa kaa’an galmaan akka ga’anis waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa isheetiin guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf galma qabatte xiyyeeffannoo miidiyaalee idil-addunyaa hedduu hawwateera. Akka gabaasa CGTN Chaayinaa baaseetti, waamicha Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheessan hordofuun, lammiileen Itoophiyaa hundi duula biqiltuu dhaabuu kana irratti xiiqii guddaan hirmaachaa jiru jedha. Itoophiyaan qophii bal’aa hordofuun sagantaa dhaabbii biqiltuu guutuu biyyaatti biqiltuu miiliyoona 800 ta’u guyyaa tokkotti milkaa’inaan raawwachuuf hojjechaa jiraachuu gabaasni kun ibseera. Aljaziiraan Qaxar gama isaatiin duulli dhaabbii biqiltuu adda ta’e kun qophii Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32) 32ffaa bara 2027 gaggeeffamuuf taasiftu haalaan kan cimsuu fi kan deeggaru ta’uu ibseera. Gaazexaan Kooriyaa Poostiin Rippabiliika Kooriyaas duulli seena qabeessa kun sochii eegumsa naannoo qofa osoo hin taane jijjiirama dinagdee fi hawaasummaa biyyattii saffisiisuu keessatti jijjiirama guddaa ta’uu isaa gabaasa isaa keessatti ibseera. Miidiyaan ‘Somaaliyaa Horn Diplomat’ akka jedhutti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf karoorri qabdu mancaatii bosonaa to’achuuf, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf, hirmaannaa ummataa guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsa. Gaazexaan Kuubaa ‘Prensa Latina’ akka gabaasetti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu hamma sanaa dhaabuun milkaa’ina seena qabeessa kan biraa fi milkaa’ina galmaan ga’aa jirti jedha. Dhaabbiin biqiltuu kun ilaacha dippilomaasii Itoophiyaa calaqqisiisuu qofa osoo hin taane, suuraa biyya keessaa ishee mul’isuu isaa Asoosheetid Prees Paakistaan gabaaseera. Imbaasiin Itoophiyaa Paakistaan jirus dhaabbiin biqiltuu kun kaayyoo biyyattii deeggaruun michummaa biyyoota lamaanii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiiseera. Kan Yugaandaa Charmaar sochiin waggaa Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma qabattee eegalte kun sadarkaa addunyaatti misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannootiif agarsiistuu fi fakkeenya guddaa ta’uu hubachiise. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Itoophiyaan Guyyaa Tokkotti Biqiltuu Miliyoona 805.3 Dhaabuun Afrikaaf Fakkeenya Taatee Jirti – Ministeera Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad
Aug 3, 2026 215
Adoolessa 27/2018 (ENA): Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta'uu ishee Ministeerri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministeerri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad raawwii duula sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf karoorfame ilaalchisee ibsa kennaniin; Itoophiyaan karoora qabatte irratti hundaa'uun guyyaa tokko qofa keessatti biqiltuu miliyoona 805.3 dhaabuun milkaa'ina seenaa-qabeessa galmeessiteetti jedhan. Akkaatuma kanaanis biyyi keenya of irra darbitee guutuu Afrikaatiif fakkeenya guddaa ta'uu danda'uu ishee kan ibsan Ministeerri Muummee, ummata Itoophiyaatiin baga gammaddan jechuun gammachuu isaanii ibsaniiru. Sochii duula dhaabbii biqiltuu biyyaalessaa si'aataa kana irratti uummanni miliyoona 26.2 ta'u dammaqinaan ba'uun hirmaannaa olaanaa taasisuu isaa addeessaniiru. Itoophiyaanonni tattaaffii fi kutannoo dinqisiisaa agarsiisaniif dinqisiifannaa isaanii kan ibsan Ministeerri Muummee, hirmaannaa guyyaa tokko kanaan lafa heektaara kuma 291.4 ta'u ashaaraa magariisaatiin uwwisuun danda'amuu isaa beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy
Biyya Waan Yaadde Milkeessitu!
Aug 3, 2026 221
Itoophiyaan erga mootummaan jijjiiramaa Dooktar Abiyyi Ahimadiin durfamu gara aangootti dhufee as, hojiiwwan gurguddoon karoorfaman hundinuu milkaa’inaan xumuramaa tajaajila uummataaf oolaa jiru. Biyyi keenya karoora qabattee galmaan gahuun waan yaadde milkeessuu danda'uu ishee ragaalee qabatamaa hedduutu agarsiisa. Duula Asharaa Magariisaa Qabeenya uumamaatiin sagantaan Asharaa Magariisaa biyya laliistuu, magariituu fi jireenyaaf mijattuu taate uumuuf jalqabame akkuma karoorfametti milkaa'aa jira. Waggoota dhiyoo darban hunda keessatti karoorri biqiltuu dhaabuu qabaman hunduu karooraa olitti hojiitti hiikamaniiru. Keessattuu, duula sagantaa asharaa magariisaa guyyaa tokkoo keessatti gaggeeffameen, lammileen Itoophiyaa hundinuu garaagarummaa tokko malee waloon bahuun karoora seenaqabeessa ta'e milkeessaniiru.Duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf waadaan galame akkuma karoorfametti Karoora ol biqiltuun miiliyoona 800 fi miiliyoona 5 ol milkiin goolabamee jira. Qabeenya uumamaa kunuunsuun dhaloota dhufuuf biyya badhaate dhalchiisuuf karoorri biyyi qabattee, dhiqama biyyee hir'isuun, bishaan lafa keessaa dabaluun, iddoo tokko tokkootti burqaan badee ture deebi'ee akka mirgisuufi uumamni yoo kunuunfame lubbu-qabeeyyiin akka kunuunfaman agarsiistuu dha. Haaluma kanaan, hojiin Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun dhaabbate bosona ta'uun, kuduraa fi muduraan firii buusee lammiilee fayyaduu irra darbee gara biyya alaatti erguudhaan sharafa biyya alaa argamsiisaa jira. Piroojektoota Gurguddoo fi Misooma Waaraa Gama misooma magaalaatiin piroojektootni gurguddoon Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin qabaman kanneen akka: Maaddii Shaggar,Maaddii Biyyaafi Maaddii Dhalootaaf kanneen biroo akkuma karoorfametti xumuramuun hojiitti galaniiru; uummannis bu’aa isaa dhamdhamachaa jira. Gama qonnaatiin barmaatilee moofaa cabsuudhaan inisheetivii misooma jallisii Bonaa, qonna ammayyeessuu fi inisheetivii misooma "Maaddii Guutuu" hojiirra oolchuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuun olitti oomishtummaa guddisuun danda'ameera. Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa: Utubaa Ineerjii Afrikaa Gama birootiin, Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa waggoota hedduuf osoo hin xumuramiin harkifachaa ture, obsaa fi tattaaffii uummataatiin xumuramee ifa Itoophiyaaf kennuu bira darbee, biyyoota Afrikaa Bahaatiif madda ineerjii haaromfamuu fi madaallii dinagdee ta'aa jira. Biyya Guddoo Guddummaa ishee addunyaan ragaa bahaafii jiru,Itoophiyaa magariituu waan karoorsite xiiqiin hojiitti hiiktu. Baga Gammaddan; Baga Gammanne!
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 15645
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15641
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.