Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Baangilaadish tumsa Daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf ni barbaaddi- Ambaasaaddar Siitwaat Naayam
Mar 6, 2026 39
Guraandhala 27/2018(ENA): Baangilaadish walta'insa daldalaa fi Invastimantii Itioophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu ishee Itioophiyaatti Ambaasaaddarri Baangilaadish Siitwaat Naayam ibsan. Ambaasaaddar Siitwaat Naayam turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti , hariiroon biyyoota lameenii sadarkaa baay’ee gaariirra akka jiru ibsaniiru. Ambaasaaddar Siitwaat Naayam hariiroon biyyoota lamaanii A.L.A bara 2016 Imbaasii erga banattee eegalee hariiroonsaanii jabaachaa dhufuusaa hubachiisaniiru. Biyyoonni lamaan tumsa Diinagdeesaanii guddifachuuf kutannoo Siyaasaa waloo qabaachuusanii kaasaniiru. Agarsiisni Daldalaa Itiyoophiyaa fi Baangilaadish yeroo dhihoo gaggeeffame biyyoonni lameen tumsa daldalaa qaban dagaagsuun akka danda’amu kan itti mul’ate akka ture ibsaniiru. Agarsiisa sanaratti Dureeyyiin Baangilaadish, Itiyoophiyaan guddina Dinagdee ariifataarra akka jirtuu fi Itiyoophiyaan fedhii Industirii fi meeshaalee itti fayyadamaarratti qabdu dabalaa dhufuusaa hubachuusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan saffisaan guddachaa jiraachuushee fi hojiin misoomaashee kan dinqisiifatamu ta’uu kan ibsan. Ambaasaaddarrichi, kunis Hawaasa daldalaa Baangilaadishiif haala mijataa gaarii akka uumuu hubachiisaniiru. Biyyoonni lamaan dameelee tumsa daldalasaanii cimsuu danda’an keessaa tokko buna ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan daldala al-ergii bunaan biyya beekamtu ta’uushee eeruun, Baangilaadish immoo meeshaa buna osoo qulqullinasaa hin lakkisiin eeguun tursiisuu danda’u borsaa akka omishtu ibsaniiru. Kunis Hawaasni Daldalaa biyyoota lamaan jiran walitti dhihaatanii akka hojjetanii fi tumsa damichaa akka dagaagsan akka isaan kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Damee omisha qorichaa (faarmaatikaalii) dabalatee, dameeleen Manufaakcheringiin dandeettii tumsaa kan biraa ta'uusaa itti dabalanii dubbataniiru. Dureeyyiin Baangilaadish Itiyoophiyaan seensa balbala gara biyyoota Afrikaa hedduu ta’uushee hubachuun qabeenyasaanii fidanii Invasti akka godhaniif waamicha taasisaniiru. Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Baangilaadish kan eegale A.L.A bara 1976 ta’uu odeeffannoon ni mul’isa.    
Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophiidha - Jiraattota Godina Iluu Abbaa Booraa
Mar 6, 2026 43
Guraandhala 27/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti dammaqinaan hirmaachuuf kan nu dandeessisu kaardii galmee filattootaa fudhachuuf qophoofneerra jedhani jiraattonni Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoon Caamsaa 24, 2018 dhufu dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf sagantaalee adda addaa irratti hojjechaa jira. Qophii taasifamaa jiru keessaa galmeen filattootaa Boru, Guraandhala 28/2018 eegalama.   Boordichi dhiheenya kana galmee filannoo dijitaalaa buufataalee filannoo gara kuma 17tti akka dhaqqabamu gochuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera. Jiraattonni Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ENA'tti akka himanitti, filannoo waliigalaa dhufu irratti mirga dimokiraasii keenyatti fayyadamuuf kaardii filannoo argachuuf eeggachaa akka jiran dubbatani   Jiraattonni aanaa Mattuu Zimaarguu Jamaal fi Naahawwii Daffaar gama isaaniitiin akka filattotaatti galmaa'uun mirga isaaniitti fayyadamuuf qophii taasisaa jirra jedhani. Filannoon kun ijaarsa naannichaa keessatti sadarkaa murteessaa waan ta’eef dirqama lammummaa itti gaafatamummaan bahachuuf qophii ta’uu kan hime dargaggeessi jiraataa magaalaa Mattuu Fiqaaduu Indaalaa dha.   Dargaggoo Fedhasaa Taarraqanyii fi Girmaa Firrisaa gama isaaniitiin akka ibsanitti, Filannoon waliigalaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf akka dargaggootaatti gahee keenya ba’uuf qophiidha jedhani.   Ijaarsa naannichaa keessatti gaheen dubartootaa fi dargaggoonni qaban hiika guddaa akka qabu hubachuun kaardii filannoo argachuu fi eenyu akka isaan bakka bu’u filachuuf qophii ta’uu himaniiru.   Dhaaba damee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti nu fayyada jennee yaadnu filachuuf qophoofneerra jedhani.
Filannoo walii galaa 7ffaan paartii yaada fooyya’aa qabu filachuuf qophoofneerra-jiraattota
Mar 6, 2026 31
Guraandhala 27/2018(ENA)- Filannoo walii galaa 7ffaa irratti dammaqinaan hirmaachuun paartii guddina biyyaa fi ummattootaaf hojjeta jedhan filachuuf qophaa’uusaanii jiraattonni magaalaa Jijgjigaa ibsan. Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa baranaaf boru Guraandhala 28 bara 2018 irraa kaasee filattoota galmeessuu akka eegalu beeksisuunsaa ni yaadadama. Filannoo walii galaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2028 gaggeeffamuuf sagalee kennuuf kaardii fudhachuuf qophaa’uusaanii jiraattonni magaalaa Jigjigaa yaadasaanii ENA’f kennan ibsaniiru. Paartii siyaasaa biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jedhan filachuuf qophii ta’uu beeksisaniiru. Kanneen yaada kennan keessaa obbo Jamaal Ibraahiim, filannoon wagga shanitti si’a tokko gaggeeffamu lammiileen paartii biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jedhan filachuuf carraa kan mijeessu ta’uu dubbataniiru. Jiraataan biraan Mahaammad Umar gamasaaniin, filannoon walii galaa kun ijaarsa sirna demokiraasii si’oomsuu fi sirna murteessaa guddina biyyaaf gargaaru ta’uu ibsaniiru. Paartii siyaasaa biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf qophii ta’uusaaniis dubbataniiru. Lammiileen filannoof qaqqaban filannoo kanarratti dammaqinaan akka hirmaatan dabalanii dubbataniiru. Filannoon agarsiiftuu ijaarsa sirna demokiraasii biyya tokkooti kan jedhan ammo obbo Farihaan Muhaammad kan jedhamanidha. Kaardii fudhachuudhaan paartii siyaasaa guddina biyyaaf ni hojjeta jedhan filachuun mirga demokiraasiisaaniitti akka fayyadaman dubbataniiru. Filannoo kanarratti hirmaachuuf kaardii fudhachuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Garee badinsaa balaaleffachuun nageenyaa fi misooma Tigraayiif gahee keenya ni baana- Dhalattoota Tigraay
Mar 6, 2026 35
Guraandhala 27/2018(ENA): Dhalattoonni Tigraay magaalota Hararii fi Asoosaa keessa jiraatan garee diigumsaaf kan dhaabbate ABUT balaaleffachuun nageenyaa fi misooma Tigraayiif gahee keenya ni baana jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tibbana ENA Afaan Tigreetiin haasaa taasisaniin, ummanni Tigraay nagaa fi misoomaaf qabsaa'ee nagaa fi misoomaaf fedhii guddaa akka qabu ibsaniiru. Misoomni fi nageenyi naannolee hunda keessatti dhufaa jirus ummata Tigraayiif kan malu dha kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, yaada dulloomaa kan qabu gareen kuni ammas waraanaa fi dhumaatii biroof dhalattoota Tigraay affeeraa jira waan ta’eef dhiisi jedhamuu qaba jechuun isaanii ni yaadatama. Dhimma kana irratti ENA’n dhalattoota Tigraay magaalota Hararii fi Asoosaa keessa jiraatan dubbiseen, gareen ABUT garee diigumsaa fi karoora waraanaa malee nagaa fi misooma ummataaf hojjechuu hin barbaanne ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akeeka badii garee kanaa fi fedhii ummanni nagaa fi misoomaaf qabu ilaalchisee ibsi kennan sirrii fi waqtaawaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf yaada Ministira Muummee deeggaruun garee diigumsaaf dhaabbate falmuun nagaa fi misooma Tigraayiif gahee keenya ni baana jedhan.   Aadde Giyoorgis Haagos jiraattuu magaalaa Hararii kan ta’an akka himanitti, gareen diigumsaa kun ummata Tigraayiif nagaa fi misoomaaf hojjetee hin beeku jedhani. Mootummaa Shaabiyaa waliin nagaa fi misooma Itiyoophiyaa hin barbaanne waliin ijaaramuun naannicha gara naannoo waraanaatti jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, akeeka badii kana cimsinee ni falmina jedhan.   Ilaalchi garee ABUT kan kan yeroon irra darbee fi eenyu iyyuu kan hin fayyadne ta’uu ibsuun, ummanni Tigraay akkuma naannolee biroo amma ilaalcha haaraa fi dhaloota haaraatiin hoogganamuu cimsee hawwa jedhan obbo Goytom Bayyanaa jiraataa magaalaa Asoosaa kan ta’an. Kanaaf, ilaalcha garee ABUT yeroon isaa irra darbe ofirraa qolachuun nagaa, misoomaa fi fayyadamummaa naannichaaf ni hojjenna jedhaniiru.   Magaalaa Harar kan jiraatan Sheenook Leelaay gama isaaniin,ergaan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabarsan nagaa fi misooma biyyaatiif bu'aa qaba waan ta’eef hundi keenya ni deeggarra jedhan.   Dargaggeessi biraa Kibroom Gabramadin magaalaa Asoosaa jiraatu akka himetti, ummanni Tigraay jijjiiramaa fi karoora misoomaa hunda galeessa Itiyoophiyaatti dhufe irraa fayyadamoo ta’uuf fedhii cimaa qaba jedhe. Kana galmaan ga’uuf garee diigumsaa ABUT kan walitti bu’iinsaa fi waraanaaf hojjatu waliin ta’uun qolachuun kan danda’amu ta’uu ibsuun, kanaafis keessumaa dargaggoonni keenya gufuulee isaan mudatan akka mo’atan gargaaruuf ni hojjenna jedhaniiru.   Dargaggoo Saamu’eel Mallasaa fi shamarree Fireehiwoot Biraanee jiraattota magaalaa Harar akka jedhanitti, yeroo ammaa dargaggoonni Tigraay waraana gareen ABUT labsaa jiru jalaa godaansaa jiru, garuu godaanuun furmaata waan hin fidneef waliin taanee ummata Tigraayiif nagaa, misoomaa fi badhaadhina fiduuf ni hojjenna.
Kan mul'ate

Inistitiyuutichi Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataa irratti qorannoowwan  gama hedduun   gaggeessaa jira
Mar 6, 2026 32
Guraandhala27/2018(ENA):-Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoo Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataarratti hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hedduu gaggeessaa jiraachuu beeksise. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa obbo Zinaabuu Asiraat akka ibsanitti, dhaabbatichi Aadaa, seenaa, duudhaa, Aartii,fi guddina Afaan Oromoorratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Dargaggoonni naamusa gaariin guddinaa fi misooma biyyaaf akka tattaafataniif gaheen qaamolee qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf Yuunvarsiitii Arsii fi dhaabbilee olaanoo Naannichatti argaman biroo waliin, komishinii Tuurizimii , gidduugala Qorannoo Aadaa Oromoo, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa itti dabaluun,hanga ammaatti qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojiiwwan qorannoo 70 ol raawwatamuusaanii eeraniiru. Isaan keessaa kitaabileen 30 ol Seenaa,Afaanii fi Aadaarratti xiyyeeffatan maxxanfamanii Hawaasaa dhihaataniiru jedhaniiru. Hojiin kun aadaa dubbisa dargaggootaa cimsuu fi naamusa hunda galeessa akka gonfataniif qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Bu’aawwan qorannoo fi qophiilee Kitaabaa Ilaalchisuun dargaggoonni yaada kennan, hojichi hanqina hubannoo dhaloota biratti mul’atu furuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dargaggoo Siraaj Ahimad akka ibsetti, dubbisuun dargaggoonni waa’ee eenyummaa fi Aadaa Hawaasaa akka beekan taasisa. Sirni Gadaa bu’uuraa fi eenyummaa keenya kan jedhe dargaggoo Siraaj, waa’ee sirnichaa fi duudhaalee Oromoo irratti beekumsa gahaa argachuuf Aadaa dubbisuu keenya gabbisuu qabna jedheera. Dhaloonni haaraan hojii tuffachuu keessaa bahee, hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabu ibseera.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Ummanni Tigiraay Fayyadamummaa misoomaa fi nageenyaa mirkaneeffachuuf, garee badii ABUT irratti ejjennoon qabsaa’uu qaba    
Mar 6, 2026 65
Guraandhala 27/2018(ENA) -Ummani Naannoo Tigraay fayyadamummaa nageenyaa fi misoomasaanii mirkaneeffachuuf, garee badii ABUT irratti ejjennoon qabsaa'uu qaba jechuun Hayyoonni Yunivarsitii ENA’f yaada kennan ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad turtii guyyoota muraaasaan dura ENA Afaan Tigiriffaa waliin taasisaniin ummanni Tigraay Nagaa fi misoomaaf kan qabsaa’e ta’uu kaasuun, fedhii nageenyaa fi misoomaasaa guddaa ta’uu ibsaniiru. Lolli Kaabaa kan Mudateef ABUT jijjiiramicha fudhachuu diduusaanii fi sababa ilaalcha moofaa itti fufsiisuu barbaadeef ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad dubbataniiru. Misoomaa fi nageenya naannolee hundatti dhufaa jiru ummata Tigraayiifis ni mala kan jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi, ilaalcha dulloomaan Lola lammataa fi badiif kan tattaafatu gareen ABUT, dhaabaa jedhamuu qabu. Mootummaan fedhii ummataa bu’uura godhatee deeggaruuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Dhimma kanarratti Hayyoonni Yunvarsiitii Asoosaa, Arsii fi Walaayittaa Sooddoo ENA’f yaada kennan dheebuu Nageenyaa Ummata naannichaa fi garee ABUT badiif socho’u ilaalchisuun ibsi Ministirri Muummee Kennan ergaa murteessaan kan itti darbe ta’uu ibsaniiru. Ummanni Tigraay fayyadamummaa nageenyaa fi Misoomaasaa mirkaneeffachuuf garee badii ABUT irratti ejjennoon qabsaa’uu qabu jechuun dubbataniiru. Yunvarsiitii Asoosaatti Barsiisaan Federaalizimii gargaaraan piroofeesaraa Addaamuu Jibaat, ibsa Ministirri Muummee kennan Ummanni Tigraay nageenyaa fi misoomaaf kan qabsaa’e ta’uu kaasuun, gareen ABUT faallaa Kanaan walitti bu’insaa fi waraanaaf qophii qabu kan gidduu galeeffate ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Federaalaa garaa bal’ina agarsiise fedhii nageenyaa barbaadhuu ummata Tigraay hubachuun akkasumas, hammeenya waraanaa beekuun ta’uusaa ibsaniiru. Qorataa Seenaa fi Aadaa akkasumas Barsiisaa Yunivarsitii Arsii kan ta'an Doktar Muhammad Namoo, ummanni Tigraay balballi nagaa baname akka hin cufamneef, garee badii waraanaaf kakaasu cimsee mormuu fi qabsaa'uu qaba jedhaniiru. Ibsi Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad kaayyoo hammeenyaa garee ABUT kan saaxilee fi mirga nagaa, misoomaa akkasumas fayyadamummaa ummataa bu'uura kan godhate ta'uusaa kaasaniiru. Yuniversitii Walaayittaa Soddotti Barsiisaa fi qorataa seenaa kutaa Barnoota Seenaa kan ta'an Phawuloos Baalchaa; ibsi Ministira Muummee ejjennoo cimaa mootummaan nagaa fi misoomaaf qabu kan agarsiisedha jedhaniiru. Ergaan isaan dhiheenya kana ummata Tigraayiif dabarsan, tattaaffii qabatamaa mootummaan fayyadamummaa nagaa fi misoomaa ummata naannichaaf taasisaa jiru kan agarsiisudha jedhaniiru. Kanaaf, ummanni Tigraay keessattuu dargaggoonni waraana mormuudhaan, nagaa fi misoomaaf carraaquun tattaaffii mootummaa deeggaruu fi gargaaruu akka qaban hubachiisaniiru. Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin dargaggoonni Tigraay abbaa aangoo akka ta'anii fi qaamolee ilaalcha moofaan gara waraanaatti isaan dhiibanirraa of eeggachuu akka qaban gorsuun isaanii ni yaadatama.
Riifoormiin dhaabbiilee Dimokiraasii dandeettii bulchiinsa Boordii filannoo ijaaruun dorgommiin siyaasaa Fayyaalessi akka uumamu gochaa jira
Mar 5, 2026 97
Guraandhala 26/2018(ENA) -Riifoormiin dhaabbiilee Dimokiraasii dandeettii bulchiinsa Boordii filannoo biyaalessaa Itiyoophiyaa guddisuun dorgommiin siyaasaa Fayyaalessi akka uumamu gochaa jiraachuu Ministirri haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee ibsan. Filannoon waligalaa 7ffaarratti gochaalee seera filannoo fi seera yakkaa waliin walfaallessan raawwatamaniif deebii ariifachiisaa kennuuf qophiin dandeessisu taasifamuu beeksisaniiru. Boordiin Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa 7ffaa raawwachuuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Kanaanis Boordichi Paartiilee Siyaasaa beekamtii argatanii galmaa’an filannicharratti dorgomuuf mallattoo filannoo fi kaayyoosaanii beeksifachaa jiru. Ministirri haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee turtii ENA waliin taasisaaniin akka ibsanitti, Boordiin filaannoo tarkaanfiiwwan riifoormii milkaa’ina qabu dhaabbileee dimokiraasii gaggeessan keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Jijiiramni bu’uuraa boordii filannootti gaggeeffame filannichi bilisa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf haala mijataa uumuun sirna dimokiraasiif qooda murteessaa akka bahuuf taasisuu ibsaniiru. Boordiin filannoo biyyaalessaa fooyya’insa seeraa taasisee fi muudama hoggansaa gaggeesseen paartiilee siyaasaa gidduutti walabummaan wal-morkiin Siyaasaa fayyaalessaa uumuun jijiirama murteessaa fiduusaa dubbataniiru. Muuxannoowwan filannoo walii galaa marsaa 6ffaarraa argamee Qindeessuun Filannoo biyyaalessaa caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamu irratti dabaluuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Gama Mootummaatiin adeemsi filannichaa Bilisa, haqa qabeessaa fi loogii kan hin qabne ta’uusaa mirkaneessuuf boordii filannoo, paartiilee dorgomtootaa fi Dhaabbiilee Hawaasa Siviliitiif deeggarsa barbaachisaan taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Filannoon walii galaa 7ffaa bilisa, haqa qabeessaa fi dimokitaarawaa akka ta’uuf paartiileen siyaasaa dorgomtootaa, dhaabbileen Hawaasa siivilii fi qaamoleen qooda fudhattoonni itti gaafatmummaa guddaan hojjechuu akka qaban hubachisaniiru. Filannoon waliigalaa bara kanaa Itiyoophiyaa keessatti aadaa dimookiraasii fooyya'aa ijaaruu haala mijataa uumuun faayidaa guddaa akka qabaatu ibsaniiru. Ministeerri Haqaa fi dhaabbileen itti waamaman filannoon walii galaa 7ffaan bilisa, haqa qabeessaa fi loogiirra bilisa akka ta’uuf qophii barbaachisaan taassifamuu dubbataniiru.  
Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa aadaa dimokiraasii dagaagsuun mootummaa cimaa ijaaruuf waltajjii murteessaadha
Mar 5, 2026 102
Guraandhala 26/2018 (ENA): Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa aadaa dimokiraasii dagaagsuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuun mootummaa cimaa ijaaruuf waltajjii murteessaa ta’uu hayyoonni ibsaniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojii dabalataa ji’oota saddeet kennameef keessatti marsaa marii hafe xumuruuf lammiileen hundi gahee isaanii bahuu akka qabanis gorsaniiru. Hayyoonni kunneen turtii ENA waliin taasisaniin Mariin Biyyaalessaa meeshaa waliigaltee biyyaalessaa uumuuf kan gargaaru ta’uu fi biyyoota hedduu keessatti hojiirra ooluu fi bu’aa argamsiisuu isaa ibsaniiru.   Mariin Biyyaalessaa lammiilee biyya tokkoo gidduutti garaagarummaa bu’uuraa irratti waliigaltee uumuuf meeshaa dha jedhani qorataan seenaa Dr. Dagmaawii Tasfaayee. Mariin Biyyaalessaa kun aadaa yaaddoo lammiilee karaa nagaa mariitiin furuu dagaagsuu qofa osoo hin taane, dhimma biyya isaaniitiif gumaacha hiika qabu akka taasisan kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis lammiilee gidduutti wal amantaa uumuu fi gatiiwwan dimokiraasii guddisuuf gargaara jedhan. Mariin Biyyaalessaa biyyoota hedduutti kan milkaa’e waan ta’eef lammiileen hunduu tumsuun yaada walitti fiduun mariin dhaloota rakkoo malee waliin jiraatu uumuuf gargaara jedhani.   Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa fi ajandaa kaa’uu irratti hirmaatan qorataa injinariingii bishaanii kan ta’an Dr. Sisaay Dammaquu akka jedhanitti, Mariin Biyyoolessaa kun biyyoonni rakkoo isaanii sagalee uummataa harka caaluun karaa ittiin furan ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya qabeenya adda addaa fi eenyummaa adda addaa qabdu ta’uu hubachiisuun, Mariin Biyyaalessaa dhaloonni egeree rakkoo keenya furuun dirree addunyaa irratti akka Adwaatti akka mul’annu karaa itti ta’u dha jechuun ibsaniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hanga ammaatti hojii jajjabeessaa hojjachuu isaa hubachiisuudhaan, yeroo dabalataa kenname keessatti hojii hafe xumuruuf hunduu gahee isaa akka bahu waamicha dhiyeesseera. Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital
Itiyoophiyaa kan cimsuu fi ijaaru Fedhii fi yaadama Itiyoophiyaanotaa Ida’amedha
Mar 4, 2026 190
Guraandhala 25/2018(ENA) - Itiyoophiyaa kan Cimsuu fi Ijaaru fedhii fi yaadama Itiyoophiyaanotaa Ida’amee ta’uu hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Paartichaa Obbo Mallasaa Alamuu ibsan. Paartiin Badhaadhinaa walii galtee biyyaalessaaf hirmaannaa gaarii maricharratti taasisu cimsee akka itti fufu ibseera. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa labsii lakoofsa 1265/2014n kan hundeeffame, dhimma biyyaarratti garaagarummaawwan bu’uura jiran mariin hiikuu fi ummata gidduutti walii galtee waloo uumuufi. Komishinichi waltajjiiwwan marii hirmaachisaa ta’e mijeessuun nageenya fulla’aa fi Ijaarsa Sirna Dimokiraasii cimaaf yaadawwan gargaaran dhiheessuuf galma qabateera. Komishinichi waggottan darban biyya keessatti Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaatti, akkasumas Lammiilee Itiyoophiyaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa biyya Alaa jiraatani hojii bakka bu’oota filachuu fi Ajandaa walitti qabuun bal’inaan raawwatameera. Hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Paartichaa Obbo Mallasaa Alamuu turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa mariin Itiyoophiyaa biyya jabduu ishee taasisa jedhu ejjennoo cimaa akka qabu ibsaniiru. Paartiin badhaadhinaa hanga ammaatti shoora gaari bahachaa turuusaa ibsaniiru. Marichi waldhabdeewwan baroota keessatti sababoota adda addaan uumaman furuuf murteessaa ta’uu itti dabaluun ibsaniiru. Itiyoophiyaa kan ijaaruu fi Cimsu fedhii fi yaada ida’amuu lammiilee Itiyoophiyaati kan jedhan obbo Mallasaan paartiinsaaniis marii kana akka hojii garee tokkoo qofaatti akka hin ilaallee dubbataniiru. Marichi dhimma Itiyoophiyaanota hundaa ta’uu amanuun, paartichi mariirratti hirmaachuu fi ijaarsa mootummaaf ajandaawwan barbaachisa jedhu dhiheessuurratti akka argamu ibsaniiru. Akka paartii biyya bulchuutti adeemsichi akka milkaa’uuf gahee haala mijeessummaasaa bahachaa jiraachuu eeruun, Adeemsi marichaa baatiiwwan saddetiif dheerachuun komishinichi hojiisaa sirnaa fi qulqullinaan akka xumuruuf carraa akka uumu eeraniiru. Paartiin Badhaadhinaa baatiiwwan itti aananittis adeemsa marichaa keessatti hirmaannaa gaarii taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneeseera. Kanaanis paartichi qaamolee deeggartootaa biroo waliin ta’uun Itiyoophiyaan gara sadarkaa walii galee foyya’aarrra akka geessuuf ni hojjeta jedhaniiru. Paartiin badhaadhinaa faayidaa guddaa mariin biyyaalessaa dhalootaaf qabu hubachuun haalota mijataa uumuuf yeroo hundumaa qohii ta’uu mirkaneessaniiru.

Hawaasummaa
Gamtaan Hospitaalotaa Qulqullina Tajaajilaa fi Walitti Hidhamiinsa Cimsuun, Itti quufinsa Maamiltootaa Guddisuu danda’eera
Mar 6, 2026 42
Guraandhala 27/2018 (ENA): Sagantaan Gamtaa Hospitaalota Itiyoophiyaa Qulqullinaaf walitti hidhamiinsa hospitaalotaa cimsuunii fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa. Sirni Badhaasa Gamtaa Qulqullina Hospitaala Itiyoophiyaa marsaa 4ffaa, Sagantaan walitti hidhaminsa fi jalqabsiisaa kallattii Gamtaa Hospitaalaa marsaa 5ffaa gaggeeffamaa jira. Wayita sanatti Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka himanitti mootummaan damee fayyaa qulqullina, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojjechaa tureera jedhani. Keessumaa weerara Covid-19 booda, wal’aansa idileefi cimaa irratti fooyya’iinsi mul’ateera jedhan. Akkasumas lakkoofsi dhaabbilee fayyaa dhuunfaa dachaa sadii dabaleera jedhani. Waggoota 70f dhaabbata tokko qofaan kan oomishamu ture oksijiniin, yeroo weerara COVID-19 3 qofa akka ture eeruun, amma warshaaleen oksijiinii 64 ta’uu ibsaniiru. Lakkoofsi dhiyeessitoota qoricha biyya keessaa dabaluu fi raabsiin meeshaalee yaalaa fi qoricha fooyya’aa akka jiru ibsaniiru. Dhaabbileen fayyaa kuma 5 ol sirna dhiyeessii qorichaa akka seenan eeruun, duuti haadholii fi daa’immanis hir’achaa akka jiru beeksiseera. Sagantaan Gamtaa Hospitaalota Itiyoophiyaa Qulqullinaaf tumsa dhaabbilee fayyaa cimsaa jiraachuu himuun, itti quufinsi maamiltootaa amma dhibbeentaa 85 gaheera jedhan. Sagantaan kun marsaa 4ffaan tajaajila yaalaa ragaa irratti hundaa’e irratti kan xiyyeeffate ta’uu yaadachiisuun, marsaaleen afran kanaan dura hojiirra oolan hundi qaawwa guutuu irratti kan xiyyeeffatan ta’uu hubachiisaniiru. Marsaa 5ffaa tajaajila yaalaa hunda galeessa irratti xiyyeeffachuun, riifoormii jalqabame cimsuu fi misooma humna namaa irratti xiyyeeffachuun hojiirra akka oolus akeekaniiru. Deetaan Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa gamasaaniitiin ergama damee fayyaaf kenname keessaa tokko tajaajila qulqullina qabu bifa haqa qabeessa ta’een kennuu akka ta’ee fi kanaafis hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Gamtaan Hospitaalota Itiyoophiyaa sagantaa qulqullina qabuuf hospitaalota gidduutti dorgommii fayya qabeessa ta’e mijeessaa jira, kanaanis tajaajila fooyyessaa jira jedhan.
Tajaajila fayyaa anniisaa haaromfamuu danda’u irratti hundaa’e babal’isuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufuu qaba
Mar 5, 2026 91
Guraandhala 26/2018 (ENA): Hojiin dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa anniisaa haaromfamuu danda’u bu’uura godhate babal’isuuf hojjetamaa jiru cimee itti fufuu qaba jedhan walitti qabduun Koree Dhaabbii Fayyaa, Misooma Hawaasummaa, Aadaa fi Ispoortii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Warqisammuu Maammoon. Ministeerri Fayyaa meeshaalee anniisaa aduun hojjetu dhaabbilee dhaabbilee fayyaa 380f, hospitaalota, buufataalee fayyaa, kiillaawwan fayyaa fi akkasumas tajaajila hawaasummaaf kan oolan dabarsee kenneera. Sirna kana irratti hoggantoonni olaanoo Ministeera Fayyaa, hoggantoonni biiroolee fayyaa naannolee hunda, bakka bu’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) fi Dhaabbata baraarsa daa’immanii (UNICEF), dhaabbilee michuu fi hoggantoonni imbaasiiwwanii argamaniiru. Walitti qabduun Koree Dhaabbii, Warqisammuu Maammoo akka himanitti, dhaqqabummaa tajaajila fayyaa qulqullina qabuu fi haqa qabeessa ta’e babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiru jajjabeessaa waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa gamasaaniitiin rakkoolee sababa addaan ciccituu ibsaatiin uumamu, keessumaa dhaabbilee eegumsa fayyaa sadarkaa duraa keessatti mudatan hambisuuf ciminaan hojjetamaa jira jedhani. Hojiin kun galma biyyaalessaa Itiyoophiyaan filannoowwan anniisaa haaromfamuu naannoodhaaf mijatoo ta’an babal’isuu waliin kan walsimu ta’uus ibsaniiru. Tajaajila fayyaa qulqullina qabu, haqa qabeessaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee akka itti fufu eeruun, anniisaa haaromfamuun humna ibsaa osoo addaan hin citiin tajaajila fayyaa kennuudhaaf carraa guddaa akka uumu ta’uu ibsaniiru. Raabsiin meeshaalee anniisaa haaromfamuu danda’uu kuni fedhii anniisaa dhaabbilee fayyaa kan guutu qofa osoo hin taane, hawaasni naannoo fayyadamoo akka ta’uuf carraa guddaa kan uumu ta’uus hubachiisaniiru.
Magaalaa Shaggaritti waggoota sadan darban birrii  biiliyoona 8 tuqaa 8’n dhaabbileen fayyaa ijaaramaniiru-Wajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar
Mar 4, 2026 151
Guraandhala 25/2018 (ENA)- Magaalaa Shaggaritti hanqina waliin gahiinsa dhaabbilee fayyaa furuuf waggoota sadan darban birrii biiliyoona 8 tuqaa 8’n dhaabbileen fayyaa adda addaa ijaaramuu Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise. Hojii kanaanis tajaajila fayyaa qaqqabama fi si’ataa argachuuf hanqinni kanaan dura ture furamuu fi milkaa’inni heduun argamuu waajjirichi ibseera. Itti gafatamaan Waajjira Fayyaa bulchiinsa magaalaa Shaggar obbo Abarraa Botoree ENA’f akka himanitti, hundeeffama magaalaa Shaggariin dura dhaqabamummaan dhaabbilee fayyaa magaalicha keessa ture baay’inaa ummata magaalicha keessa jiru waliin kan wal gitu hin turre. Bulchiinsi magaalichaas rakkoo kana furuuf xiyyeeffannoo addaan dhaabbilee fayyaa kanaan dura turan tajaajila isaanii fooyyesuu fi dhaqabamummaa tajaajila fayya dabaluuf dhaabbilee fayyaa haaraa ijaaruurratti xiyyeeffatee hojjechuu himaniiru. Osoo bulchiinsi magaalichaa hin hundaa’iin dura magaalicha keessa buufataawwan fayyaa 24 qofaan akka turan himaniiru. Bulchiinsi magaalichaa waggaa sadi keessatti bufataalee 11 ijaruun buufataalee fayyaa magaalicha keessatti 35’n gahuu danda’amuu himaniiru. Buufataaleen fayyaa lama immoo ijaarsarra kan jiran yoo ta’u yeroo dhihootti ijaarsi isaanii xumuramee tajaajila kennuu akka eegalan eeraniiru. Buufataawwan fayyaa kunneen tekinolojii ammayyaa fi human nama gahoomeen tajaajila fayyaa si’ataa fi haqa qabeessa kennaa jirachuu obbo Abarraan himaniiru. Yeroo magalaan shaggar hundaa’uu magaalicha keessas ta’ee naannaawwaa isaa hospitaalli tokkollee akka hin jirree eeranii, hawaasni magaalichaas tajaajila fayyaa argachuuf yeroo fi mallaaqa isaa qisaasuun magaalaa Finfinneetti waldhaansa fayya argachaa turuu himaniiru. Rakkoo kanas furuuf bulchiinsi magaalichaa Hospitaaloota sadarkaa jalqabaa fi waliigalaa 7 ijaaraa jiraachuu himaniiru. Hospitaaloota kana keessaas 1 ijaarsii isaa xumuramuun tajaajila kennuu jalqabuu eeranii, 2 immoo yeroo dhihootti xumuramanii tajaajila kunnuu kan eegalan ta’uu ibsaniiru. Hopitaaloonni ijaarsa irra jiran kunneen hopitaaloota tekinolojii waldhaansa fayyaa ammayyaan kan deeggaramanii fi sadarkaa isaanii eeggatan ta’uu himaniiru. Dabalataan magaalichaatti dhiijbeewwan dursanii ittisuuf kellaawwan fayya kanaan dura turan tajaajila isaanii fooyyessuu fi ogeeyyii gahooman itti ramaduun cinaatti kellaawwan fayyaa haarawwaas ijaaramuu himaniiru. Yeroo amma akka waliigalaatti bulchiinsa magaalichaa keessa kellaawwan fayyaa 85 jirachuu eeraniiru. Bulchiinsi magaalichaa dhaabbilee fayyaa qaqqabamaa taasisuuf hojii hojjetu cinaattis tajaajila dhaabbileen fayyaa kennaan foyyessuu irrattis xiyyeeffanoon hojjechaa jirachuu himaniiru. Keessattu itti fayyadama tekinolojii haalaan dabaluu fi rakkoo dhiheesii qorichaa furuuf mana qoricha moodela hawaasaa babal’isurratti hojjetamuu ibsaniiru.
Diinagdee
Baangilaadish tumsa Daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf ni barbaaddi- Ambaasaaddar Siitwaat Naayam
Mar 6, 2026 39
Guraandhala 27/2018(ENA): Baangilaadish walta'insa daldalaa fi Invastimantii Itioophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu ishee Itioophiyaatti Ambaasaaddarri Baangilaadish Siitwaat Naayam ibsan. Ambaasaaddar Siitwaat Naayam turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti , hariiroon biyyoota lameenii sadarkaa baay’ee gaariirra akka jiru ibsaniiru. Ambaasaaddar Siitwaat Naayam hariiroon biyyoota lamaanii A.L.A bara 2016 Imbaasii erga banattee eegalee hariiroonsaanii jabaachaa dhufuusaa hubachiisaniiru. Biyyoonni lamaan tumsa Diinagdeesaanii guddifachuuf kutannoo Siyaasaa waloo qabaachuusanii kaasaniiru. Agarsiisni Daldalaa Itiyoophiyaa fi Baangilaadish yeroo dhihoo gaggeeffame biyyoonni lameen tumsa daldalaa qaban dagaagsuun akka danda’amu kan itti mul’ate akka ture ibsaniiru. Agarsiisa sanaratti Dureeyyiin Baangilaadish, Itiyoophiyaan guddina Dinagdee ariifataarra akka jirtuu fi Itiyoophiyaan fedhii Industirii fi meeshaalee itti fayyadamaarratti qabdu dabalaa dhufuusaa hubachuusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan saffisaan guddachaa jiraachuushee fi hojiin misoomaashee kan dinqisiifatamu ta’uu kan ibsan. Ambaasaaddarrichi, kunis Hawaasa daldalaa Baangilaadishiif haala mijataa gaarii akka uumuu hubachiisaniiru. Biyyoonni lamaan dameelee tumsa daldalasaanii cimsuu danda’an keessaa tokko buna ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan daldala al-ergii bunaan biyya beekamtu ta’uushee eeruun, Baangilaadish immoo meeshaa buna osoo qulqullinasaa hin lakkisiin eeguun tursiisuu danda’u borsaa akka omishtu ibsaniiru. Kunis Hawaasni Daldalaa biyyoota lamaan jiran walitti dhihaatanii akka hojjetanii fi tumsa damichaa akka dagaagsan akka isaan kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Damee omisha qorichaa (faarmaatikaalii) dabalatee, dameeleen Manufaakcheringiin dandeettii tumsaa kan biraa ta'uusaa itti dabalanii dubbataniiru. Dureeyyiin Baangilaadish Itiyoophiyaan seensa balbala gara biyyoota Afrikaa hedduu ta’uushee hubachuun qabeenyasaanii fidanii Invasti akka godhaniif waamicha taasisaniiru. Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Baangilaadish kan eegale A.L.A bara 1976 ta’uu odeeffannoon ni mul’isa.    
Gabaan sanada Invastimantii Itiyoophiyaa appilikeeshinii  moobaayilaa ‘Nuwaay’ jedhamu ifoomse
Mar 5, 2026 76
Guraandhala 26/2018 (ENA)- Gabaan sanadaa Invastimantii Itiyoophiyaa (ESX) appilikeeshinii moobaayilaa ‘Nuwaay’ jedhamu kan gabaa kaappitaalaa lammiilee hundaan gahuuf gargaaru har’a ifoomseera. Appilikeshiniin kun seena biyya keenyaa keessatti yeroo jalqabaaf namni kamiyyuu bilbila moobaayilaa fayyadamee bittaa aksiyoonii fi sanadoota idaa irratti kallattiin akka hirmaatu carraa kan kennudha. Hojii raawwachiisaan olaanaa gabaa sanada invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Xilahuun Ismaa’el sirna eebbaa appilikeeshinichaa irratti akka dubbatanitti, “Nuwaayi” gabaan Itiyoophiyaanota hunda harkatti akka argamu taasisa. Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa Haannaa Tahilquu gamasaanin, biyyoonni hedduun sirna teeknooloojii akkasii bira gahuuf yeroo dheeraa akka itti fixe yaadachiisaniiru. Itiyoophiyan muuxannoo byyoota biroorraa fudhachuudhaan sirna gabaa ammayyaa ijaaruushee ibsaniiru. Hammataa ta’uunsaa sirna kana adda godha kan jedhan daarektarri kun lammiileen biyyattii keessa fageenyarratti argaman akkaawuntii invastimantii banuudhaan fayyadamoo akka ta’an hubannoo uumuun akka barbaachisu ibsaniiru. Deeggarsa mootummaan taasiseef galateeffatanii seerri ifaa fi tilmaamamuu danda’an bahuunsaanii milkaa’ina kanaaf gumaacha olaanaa taasisuusaa eeraniiru. Hojii raawwachiisaan Invastimanti hooldiingi Itiyoophiyaa Dr Buruuk Taayyee, gabaan kun lammiin hundi amma humnasaatiin kan irratti hirmaatu ta’uu cimsanii kaasaniiru. Milkaa’ina appilikeeshiniin kanneen akka teelee birria fi baankii daldalaa Itiyoophiyaa (CBE) galmeessisan bu’a qabeessummaa “Nuwaayii”f akka agarsiftuutti akka eeramu ibsaniiru. Yeroo ammaa appilikeeshiniin kun bilbiloota andirooyidii (Android) fi ayi’ooessii (iOS) irratti buufachuuf qophii ta’uu eeranii, Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti abbaa gabaa kaappitaalaa dorgomaa ta’ee gochuuf galma kaa’ame milkeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Omishtoonnii fi dhiheessitoonni bunaa omisha buna qaban ariitiin gabaaf dhiheessuu qabu
Mar 5, 2026 78
Guraandhala 26/2018(ENA) - Omishtoonnii fi dhiheessitoonni Bunaa Omisha Bunaa qaban ariitiin gabaaf dhiheessuu akka qaban Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayii Itiyoophiyaa hubachiise. Baatiiwwan lamaan darban gatiin bunaa sadarkaa Idil -Addunyaatti hir’achaa dhufuusaa Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa doktar Addunyaa Dabalaa ibsaniiru. Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi shayii Itiyoophiyaa doktar Addunyaa Dabalaa haala gabaa bunaa Idil-Addunyaa fi haala waktaawaa Buna Itiyoophiyaa ilalchisuun ibsa kennaniiru. Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itiyoophiyaa doktar Addunyaa Dabalaa akka ibsanitti, waggoottan shanan darban baay’inaa fi qulqullinaan buna fooya’aa gabaa Addunyaaf dhiheessuun galii fooya’aan argamuun danda’ameera. Haala mijataa gabaa bunaa mijeessuunii fi omishaa fi omishtummaa gudisuuf hojjetamuusaa eeruun, bara bajataa kanatti bunni meetirik toonii miiliyoona 1 tuqaa 5 oomishamuusaa dubbataniiru. Bara baajataa 2017 galiin doolaara biiliyoona 2 tuqaa 6 Al-ergii daldala bunaarraa argamuu ibsuun, bara bajataa kanatti doolaara biiliyoona 3 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru. Baatiiwwan lamaan darban keessatti gatiin bunaa gabaa Addunyaarratti hir'achaa dhufuusaa kaasuun; sadarkaa qulqullinaa fooyyessuu, buna Qulqullina qabu dhiheessuu fi dorgomtummaa dabaluun kan karoorfame galmaan gahuuf akka hojjetamu beeksisaniiru. Qonnaan bultoonni kuma lamaa ol Buna gabaa Addunyaaf akka dhiheessaniif Haayyama Al-ergii (exporter license) argachuu isaanii eeranii; isaan keessaa 500 kan ta'an kallattiin dhiyeessaa akka jiran dubbataniiru. Bunni waggaa omishame keessatti gabaatti akka ba’u seeraan kan taa’e ta’us, namoonni gatiin ni dabala jedhanii omisha qabatanii turan gatiin Bunaa Addunyaa waggaatti haaluma kanaan itti fufuu akka danda'u hubatanii, omisha harkaa qaban gabaa baasuu akka qaban hubachiisaniiru. Taaksifoorsiin daldala kontirobaandii to’atu dhaabbachuu eeruun, kontirobandiin erguuf qaamoleen tattaffii taasisanirratti hordoffiin kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu sirrii fi guddina dinagdee biyyattiif murteessaadha
Mar 5, 2026 75
Guraandhala 26/2018(ENA)- Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu sirrii fi guddina dinagdee biyyattiif murteessaadha ta’uu Itiyoophiyaatti ambaasaaddaroonni Noorweeyii fi Baangilaadiish ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad tibbana mana maree bakka bu’oota ummataaf ibsa yeroo kennan Itiyoophiyaa fi galaanni diimaa seera, teessuma lafaa, seenaa fi safartuuwwan biroo kamiinuu adda bahu akka hin dandeenye ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Noorweeyi Sitiiya Kiriistensan fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Baagilaadiish Eer Vaayis Maarshaal Siitwaat Naayim ENAtti akka himanitti, guddina waloo mirkaneessuuf ulaan galaanaa amansiisaan murteessaadha. Qajeeltoo seera qabeessa, karaa nagaa fi fayyadama waloo Itiyoophiyaan gaaffii ulaa galaanaaf deebii argachuuf hordofaa jirtu biyyoonnisaanii akka hubatan ambaasaaddaroonni kunneen ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Noorweeyi Sitiiya Kiriistensan, Itiyoophiyaan guddina dinagdee dinqisiisaarra akka jirtu humna olaanaa misoomuuf ishee dandeessisu kan qabdu biyya bal’aadha jedhaniiru. Guddina olaanaa si’ataa fi sochii dinagdee kana kan madaalu ulaa galaanaa amansiisaa argachuuf gaaffiin gaafatte faayidaa guddaa kan qabu dhimma biyyaa ta’uu ibsaniiru. Barbaachisummaa gaaffii ulaa galaanaa amansiisaa argachuuf gaafatame kana sirriitti hubanna kan jedhan ambaasaaddarichi, carraan Itiyoophiyaan biyyoota riijinichaarraa ulaa galaanaa itti argatu bal’aa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Baangilaadiish Eer Vaayis Maarshaal Siitwat Nayim, guddina dinagdee walii galaa, daldalaa fi invastimantii, nagaa fi tasgabbii biyya tokkoof ulaan galaanaa amansiisaan barbaachisaadha jedhaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistitiyuutichi Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataa irratti qorannoowwan  gama hedduun   gaggeessaa jira
Mar 6, 2026 32
Guraandhala27/2018(ENA):-Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoo Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataarratti hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hedduu gaggeessaa jiraachuu beeksise. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa obbo Zinaabuu Asiraat akka ibsanitti, dhaabbatichi Aadaa, seenaa, duudhaa, Aartii,fi guddina Afaan Oromoorratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Dargaggoonni naamusa gaariin guddinaa fi misooma biyyaaf akka tattaafataniif gaheen qaamolee qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf Yuunvarsiitii Arsii fi dhaabbilee olaanoo Naannichatti argaman biroo waliin, komishinii Tuurizimii , gidduugala Qorannoo Aadaa Oromoo, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa itti dabaluun,hanga ammaatti qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojiiwwan qorannoo 70 ol raawwatamuusaanii eeraniiru. Isaan keessaa kitaabileen 30 ol Seenaa,Afaanii fi Aadaarratti xiyyeeffatan maxxanfamanii Hawaasaa dhihaataniiru jedhaniiru. Hojiin kun aadaa dubbisa dargaggootaa cimsuu fi naamusa hunda galeessa akka gonfataniif qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Bu’aawwan qorannoo fi qophiilee Kitaabaa Ilaalchisuun dargaggoonni yaada kennan, hojichi hanqina hubannoo dhaloota biratti mul’atu furuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dargaggoo Siraaj Ahimad akka ibsetti, dubbisuun dargaggoonni waa’ee eenyummaa fi Aadaa Hawaasaa akka beekan taasisa. Sirni Gadaa bu’uuraa fi eenyummaa keenya kan jedhe dargaggoo Siraaj, waa’ee sirnichaa fi duudhaalee Oromoo irratti beekumsa gahaa argachuuf Aadaa dubbisuu keenya gabbisuu qabna jedheera. Dhaloonni haaraan hojii tuffachuu keessaa bahee, hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabu ibseera.
Walii galteen bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisu mallatteeffame
Mar 5, 2026 80
Guraandhala 26/2018 (ENA) -Itiyoo telekoom neetwoorkii babal’isuunii fi ammayyeessuudhaan bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kaampaanii Eriksan waliin walii galtee seena qabeessa mallatteesse. Walii galteen kun buufataalee Moobaayilii kuma 1 fi 500 riijinii bulchiinsa neetwoorkii Eriksan keessa jiranirratti hojiilee babal’isuu, fooyyessuu, 4G diriirsuu fi teeknooloojiiwwan haaraa ijaaruu of keessaa qaba jedhameera. Inisheetiiviin ammayyeessuu walii galaa kun baay’ina, qulqullinaa fi dandeettii neetwoorkii kan fooyyessu ta’uu odeeffannoon Itiyoo telekoom agarsiiseera. Haala Kanaan bu’uraalee misoomaa buleeyyii teeknooloojii ammayyaatiin bakka buusuudhaan, bal’inaa fi dandeettii 4G sadarkaa olaanaatti kan guddisu ta’uu eerameera. Bal’ina 5G guddisuudhaan ijaarsa dinagdee dijitaalaa haaraaf kan barbaachisu konneektiviitii saffisaa olaanaa dhugoomsuuf ni dandeessisa jedhameera. Keessumaa pirojektichi baadiyyaa bakkeewwan 75 ta’aniif sooluushinoota teeknooloojii moobaayilii dhiheessuuf akka gargaaru himameera. Akkasumas buufataalee 3G buleeyyii 502 ammayyeessuu fi gara teeknooloojiiwwan 4G olaanaatti guddisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera. Pirojektichi riijinii oppireeshinii Eriksan (Ericsson) keessatti dandeettii neetwoorkii 4G haaraa baachuu danda’an miiliyoona 2 tuqaa 8 dabaluuf kan dandeessisu yoo ta’u, kun ammo dandeettii neetwoorkii walii galaa gara miiliyoona 4 tuqaa 1’n gahuuf nigargaara jedhameera. Kana malees tajaajila ‘LTE’ gara magaalota dabalataa 157tti babal’isuun, magaalota ‘LTE’tti fayyadaman gara 276tti guddisa jedheera Itiyoo Telekoom. Kunis baay’ina ummataa dhibbantaa 45’n guddisuun, baay’ina ummataa riijinicha jiru walii galaan dhibbantaa 85niin gahuuf akka dandeessisu eereera. Walii galteen kun haala jireenyaa, hojmaataa fi bittaa fi gurgurtaa Itiyoophiyaanonni ittiin taasisan gara sadarkaa olaanaatti ceesisaa kan jiran, pilaatfoormota kanneen akka teelee birria, zaman gabayaa fi Zeneksasiif deeggarsa ni taasisa.
Giddugalichi erga hundeeffamee ji’oota jaha keessatti namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argataniiru
Mar 5, 2026 53
Guraandhala 26/2018 (ENA):Erga giddugalli iddoo tokkoo (Masoob) Dirree Dawaatti hundeeffamee ji'oota jaha keessatti namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argachuu himame. Qindeessaan giddugalichaa obbo Awwaqee Laggasaa ENAtti akka himanitti, giddugalichi baatii Fulbaanaa bara 2018 hojii kan eegale dhaabbilee 10’n tajaajila 28 kennaa jira. Erga wiirtuun kun hojii jalqabee namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argataniiru jedhan.   Giddugalichi waraqaa irraa bilisa ta’ee tajaajila ammayyaa, saffisaa fi si’ataa kennuudhaan rakkoo bulchiinsaa hiikuu isaa ibsaniiru. Qorannoon itti quufinsa gaggeeffame akka agarsiisutti ummanni tajaajila mootummaa aragachaa jirutti gammachuu qabaachuu hubatameera. Dhaabbileen giddugalichatti walitti qabamanis tajaajila saffisaa fi si’ataa qabu kennaa akka jiran fayyadamtoonni kunneen ibsaniiru.   Fayyadamtoota keessaa obbo Abdii Bushraan tajaajilli dijitaalaa giddugalichi kennu hawwataa ta’uu ibsaniiru. Kaartaa abbaa qabeenyummaa lafaa argachuun tajaajila ariifataa argachuuf gara giddugalichaa erga dhufanii booda yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii xumuruu akka danda’an himaniiru. Yeroo darbe dhaabbileen naannoo adda addaatti faffaca’anii waan turaniif tajaajila argachuuf hanga torbee tokkoo fi ifaajii guddaa kan barbaadu ta’uu yaadachuun, jijjiirama amma dhufe kanaan gammaduu isaanii ibsaniiru.   Aadde Salaamaawit Haagos gama isaaniitiin gibira kaffaluuf gara giddugalichaa dhufanii yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii akka xumuran himaniiru.   Dhimma isaa raawwachuuf gara giddugalichaa kan dhufe obbo Fissahaa Solomoon tajaajila haqa qabeessaa fi gahumsa qabu akka argate ibseera. Tajaajila saffisaa dhaabbileen giddugalicha keessa jiran kennaa jirutti akka gammadan eeruun hojiin akkanaa kuni cimee itti fufuu akka qabu dhaamani.
Waraqaan eenyummaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti namootni galmaa’an dabalaa jira
Feb 26, 2026 189
Guraandhala 19/2018(ENA) - Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti, lakkoofsi namoota galmaa’anii dabalaa dhufuu Waajjira Ministira Muummeetti, Qindeessaan Sagantaa Galmee Waraqaa Eenyummaa Dajanee Gabree beeksisan. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa bara 2014 waajjira Ministira Muummeetti kan eegale yoo ta’u, yeroo dhihoo asitti tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun bu’uuraalee misoomaa Dijitaalaa saffisiisuuf hojjetamaa jira. Qindeessaan Sagantaa galmee waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Dajanee Gabree ENA’f akka ibsanitti, galmeen Waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Faayidaa hirmaachisaa akka ta’uuf dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin qindoominaan akka hojjetu ta’eera. Kanaan walqabatee baay’inni namoota waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaa fudhatanii dabalaa jiraachuu ibsanii, sagantaan galmee erga jalqabee as lammiileen miiliyoona 36 galmaa’uun Abbaa waraqaa eenyumma ta’uusaanii ibsaniiru. Waraqaan Eenyummaa dijiitaalaa faayidaa kenninsa tajaajilaa kan saffisiisuu fi ijaarsa dinagdee biyyaaf gahee guddaa gumaachaa jiraachuu eeranii keesumaa tarsiimoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuu keessatti, faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, ‘Faayidaa’ qabiyyee abbummaa lafa qonnaan bulaa waliin wal-qabsiisuun lammiileen hedduun akka galmaa’an gochuurra darbee, qonnaan bulaan qabiyyeesaa wabii godhachuun tajaajila faayinaansii akka argatuuf Ooyruusaa sirnaan bulchuuf akka gargaaru dubbataniiru. Naannoo Benishaangul Gumuzitti hanga ammaatti lammiileen kuma 250 ol kan galmaa’an yoo ta’u, haala raawwiisaa fooyyessuuf hubannaa hawaasaa guddisuun akka barbaachisu qindeessaan kun beeksisaniiru. Naannichati harka dhibba galmaan ga’uuf, dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin wal qabsiisuun karooricha milkeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Biiroon Lafaa fi Gurmii Waldaa Hojii Gamtaa naannoo Benishaangul gumuz Ministeera qonnaa waliin ta’uun mata duree “ waraqaa eenyummaa biyyaalessaa abbaa qabiyyee lafa baadiyaaf’’ jedhuun waltajjiin marii gaggeeffamuun ni yaadatama.
Ispoortii
Piriimar liigichaan taphoonni   Arsenaal Biraayiten waliin, Maanchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin  taasisan hawwiin ni  eegama 
Mar 4, 2026 140
Guraandhala 25/2018(ENA) - Piriimar liigii Ingiliz torban 29ffaa oolmaa guyyaa lammataan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 4:30tti Biraayiteen Arsenaal waliin Istaadiyeemii Ameeksitti ni taphatu. Biraayiteen qabxii 37n sadarakaa 12ffaa qabateera. Arsenaal qabxii 64n liigicha dursaa jira. Taphichaan Biraayiteen Injifannoo itti fufaa liigichaa sadii galmeessisuuf kan taasisudha. Morkataansaa Arsenaal yoo injifate dursummaa liigichaa kan itti cimsatu qabxii murteessaa sadii argata. Taphicha Abbaa seerummaan Kiriis Kavanag ni gaggeessu.   Sagantaa biroon Manchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Itihaaditti ni keessummeessa. Manchistar Siitiin Taphni tokko otoo isa hafuu qabxii 59n sadarkaa 2ffaa qabateera. Nootinghaam Fooresti qabxii 27n sadarkaa 17ffaarratti argama. Manchistar Siitiin yoo injifate morkii waancaa keessatti akka ittifufu isa taasisa. Tapha ligichaa shanan darbanitti kan hin mo’anne Nootingihaam Fooresti yoo injifatee , sadarkaa gad bu’insaa jalaa ooluuf morkii taasisu keessatti qabxii murteessaa sadii argamsiisaaf. Galgala sa’aatii 5:15tti Niwukaastil Yunaayitid Maanchistar Yuunaayitid waliin ni taphata. Niwuukaastil Yunaayitid qabxii 36n sadarkaa 13ffaarratti argama. Maanchistar Yunaayitida qabxii 51n sadarkaa 3ffaa qabateera.   Niiwuukaastil itti fufinsaan yeroo lama erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Mancheester Yunaayitid deemsa gaarii kanaan itti fufuu fi dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti morkiisaa cimsachuuf qabxii sadii argachuun murteessaadha. Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti Astonviilaan chelsii waliin galgala sa’aatii 4:30tti ni taphatu. Astonviilaan qabxii 51n sadarkaa 4ffaarra jira, Chelsiin qabxii 45n sadarkaa 6ffaa qabateera. Shaapiyonsi liigichaan hirmaachuuf gareewwan lamaan morkii cimaa gaggeessu. Fulhaam weestihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Kiravan koteejitti taphasaanii gaggeessu.
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti   calallii taphoota  mo’atanii darbuu  
Feb 24, 2026 266
Guraandhala 17/2018(ENA): Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calalliin tapha mo’atanii darbuu har’a taphoonni deebii Afur gaggeeffamu. Maanchistar Yuunaayitid Evartaniin mo’achuun sadarkaasaa gara 4tti ol guddiseera. Galgala sa’aatii 5:00tti Intarmiilaan Boodoo Giliimit waliin Istaadiyeemii Saansirootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Boodoo Giliimitiin 3 fi 1n injifachuunsaa ni yaadatama. Intarmiilaan gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii lamaa oliin injifachuun irraa eegama. Morkataansaa Boodoo Giliimiti injifachuu, qixaan adda bahuu fi garaagarummaa galchii 1’n mo’amuun gara 16tti makamuuf isa dandeessisa. Sagantaa biroon Niwuukaastil Yuunaayitid Kaarabag waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Seenti Jeemsi Paarkitti ni taphatu. Tapha jalqabaan Niwukastil Yuunaatitid 6 fi 1’n kan mo’ate carraan darbuusaa bal’aadha. Faallaasaan morkataansaa Kaarabag tilmaama jiruun carraan gara mo’atanii darbuutti ce’uu dhiphaadha. Baayer Leeverkusen, Oloompiyaas waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Bayii Areenaatti taphatu. Baayer Leeverkusen Jarman tapha marsaa jalqabaatiin dirreessaan alatti 2 fi 0’n mo’achuunsaa ni yaadatama. Bu’aa kana hordofuun carraan tapha itti aanuuf qabu bal’ateera. Oloompiyaakos Giriik gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii 2 oliin mo’uu qaba. Galgala sa’aatii 2:45’n Atileetikoo Maadiriid Kilab Biruuzyi waliin Istaadiyeemii Wandaa Meetiropoliitanootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha jalqabaa torban darbe gaggeessaniin sadii qixaan adda bahaniiru. Gareen tapha har’aa mo’atu mo’atanii darbuutti ce’a.  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan Ikooloojii naannichaa bu’uura godhatan qophaa’aa jiru
Mar 4, 2026 90
Guraandhala 25/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban Ikooloojii naannicha bu’uura godhatanii qophaa’aa jiraachuu waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Hagayya bara 2011 Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalamuunsaa ni yaadatama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, buuftaalee biqiltuu 11 Godinicha keessa jiran keessatti biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabbatan qophaa’aa jiru. Buufanni biqiltuu kunneen duula Ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan sanyii adda addaa biqilchuun dhiheessuurratti qoodni bahaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 284 ol qopheessuuf karoorfamee biqiltuuwwan miiliyoona 241 ol biqilchuun hojjetamuu eeraniiru. Qophiin biqiltuu kun hedduuminan sanyiiwwan biqiltuu jijjiirama haala qilleensa to’achuuf gargaaran xiyyeeffannoon kan itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataan Faayidaa Dinagdee qonnaan bulaa kan argamsiisuu fi soorataaf kan oolan biqiltuuwwan muduraalee miiliyoona 26 tuqaa 7 kan of keessatti hammate qophaa’uu dubbataniiru. Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa haala Ikooloojii nannichaa gidduugaleeffachuun kan raawwatamu ta’uu eeruun Godinichatti waggoottan darban biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbantaa 85n ol qabachuusaa beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatan tuttuqqaa namaa fi beelladaarraa eeguun kunuunsamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana karoora qabame milkeessuuf boolla biqiltuun keessa dhaabbamu qotamee qophaa’uu beeksisaniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti hangi rooba Arfaasaa fi facaatiin isaa cimee itti fufa
Mar 3, 2026 100
Guraandhala 24/2018 (ENA): Guyyoota kurnan itti aananii dhufan keessatti naannoolee midhaan Arfaasaa itti misoomsan keessatti hangi roobaa fi facaatiin isaa haalaan akka dabalu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Itti aanaan Daarektara Olaanaa Damee Raaga Meetirooloojii, Tajaajila Gorsaa fi Qorannoo Inistiitiyuutichaa Dr. Asaaminawu Tashoomaa ENA’tti akka himanitti, Raagaan tilmaama akka agarsiisutti haalli meetirooloojii roobaaf mijatu dabalaa jira jedhani. Raabsiin roobaa kun Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa (naannoowwan waqtii rooba isaanii argatan), gammoojjii sululuwwan qinxamaa jiran, kutaalee giddu galeessaa fi Kibba Lixa biyyattii, naannoo Bahaa fi Kaaba Bahaa kan uwwisu ta’uu ibsaniiru. Naannolee kanneenitti roobn salphaa hanga giddu galeessaa kan eegamu yoo ta’u, naannoolee irra caalaan rooba idilee hanga idilee ol kan roobu ta’a. Kana malees darbee darbee rooba cimaan ni rooba jedhame. Fooyya’iinsi roobaa kun keessumaa qonnaan bultoota midhaan Arfaasaa misoomsaniif faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Roobni kunis midhaan yeroo Arfaasaa facaafamuuf barbaachisaa ta’uu himaniiru. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo hanqina bishaanii jiran bishaan roobaa walitti qabuun kuusuun gara fuulduraatti akka itti fayyadamaniif yaada dhiyeessaniiru. Akkasumas roobni yeroo Arfaasaa roobu guyyoota kurnan dhufan keessatti bishaan dirra lafaa fi bishaan kuufamaa adda addaa keessatti akka dabalu himaniiru. Haaluma kanaan, Omoo Gibee, sulula gammoojjii, Awaash Gubbaa fi Giddugaleessaa, Abaay Giddugaleessaa fi Gadii, Gannaalee Dawaa fi Waabee Shabalee jiidhina fooyya’aa ni argatu jedhamee eegama jedhan. Kunis kuufama bishaanii uumamaa fi namtolchee fayyadamuun bishaan isaanii akka dabalu himaniiru. Kanumaan walqabatee ho'i guyyaa olka'aan kutaalee biyyattii tokko tokkotti akka itti fufu ibsaniiru. Ragaan tilmaama akka agarsiisutti naannoolee Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Benishaangul Gumuuzii fi Amaaraa Lixaatti ho’i guyyaa ol’aanaan digrii seentigireedii 33 hanga 37.2 ni ga’a jedhamee eegama.
Labsiin Bulchiinsaa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraan 1383/2017 “gosoota pilaastikaa hunda” guutummaatti dhorkaa?
Feb 28, 2026 193
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraa 1383/2017 kan faalama pilaastikaa hir’isuu fi nageenya naannoo mirkaneessuuf kaayyeffate hojiirra oolchuun isaa ni beekama. Haa ta'u maleeerga labsiin kun bahee hordofuun filannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoon dogoggoraa bal'inaan tamsa'aa jira. Kanaaf odeeffannoon dogoggorsiisaan ijoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan tamsa’aa jiru adda baafamee jira; akkasumas odeeffannoon labsii, ibsa hoggantootaa fi ibsa qaama dhimmi ilaallatu wajjin wal bira qabuun mirkanaa’eera. Odeeffannoo dogoggoraa: "Pilaastikiin kamiyyuu yeroo tokko qofaaf tajaajila kennan, akka hin oomishamne; akka biyya hin seenne akkasumasa akka hin gurguramne guutummaan guutuutti dhokameera.’’ Dhugaansaa: Labsichi pilaastika yeroo tokkotti fayyadan hunda hin dhorkine. Akka labsichaatti "boorsaa pilaastikii haphii (feestaala)" yeroo tokkotti fayyadamuu qofatu guutummaatti dhorkaadha. Akkuma Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo Lakk.1383/2017 ifatti ibsutti; "Qajeelfama oomisha, galtee ykn itti fayyadama pilaastikaa yeroo tokkotti fayyadamu baasuu danda'a." Kana jechuun pilaastikoonni akka barbaachisummaa isaatti hayyamaman jiru jechuudha. Dhimma kana ilaalchisee Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo fuula miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen, meeshaaleen akka hin faalamne ykn wantoota biroo waliin akka hin makamneef qadaada pilaastikaa akka fayyadamu; akkasumas pilaastika nyaataaf, baaltinnaaf, tajaajila uffata miiccaa(laawundariif) fi oomishaalee biroo saamsuuf kan oolu labsii kanaan akka hayyamamu mirkaneesseera. Haalli qabinsaa fi gatinsa pilaastikoota kanaa qajeelfama gara fuula duraatiin kan bulfamu ta’a. Kana malees, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Leellisee Namee ibsa ENA’f kennaniin, Labsichi oomishaalee pilaastikaa guutummaatti akka hin dhorkine ifatti ibsaaniiru. Odeeffannoo dogoggoraa: "Labsii kana raawwachuu fi raawwachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo qofa." Dhugaa: Labsii kana raawwachiisuuf itti gaafatamummaa dhumaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi waajjiraalee eegumsa naannoo naannichaaf kennamee dhugaa ta’ee osoo jiruu, hojiin raawwachiisummaa garuu abbaa taayiticha qofaan kan hojjetamu miti. Seerri kun lafarratti yeroo hojiirra oolu poolisii fi qaamoleen seera kabachiisan kanneen seeraan ala boorsaa pilaastikaa oomishanii, galchanii fi itti fayyadaman irratti hordofanii tarkaanfii raawwachiisummaa kan fudhatan ta’uu Daarektarri Olaantuun kuni ibsaniiru. Kanaaf ummannii fi hawaasni daldalaa hojii raawwachiisummaas qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisaniin kan raawwatamu ta’uu hubachuu qabu. Ummanni odeeffannoo hin mirkanoofnee fi dogoggorsiisaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’u fudhachuu irraa akka of qusatuu fi qajeelfama itti fayyadama pilaastikaa kallattiin fuula abbaa taayitichaa irraa fi maddoota amanamoo irraa qofa akka argatu gorsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddiseera
Feb 23, 2026 199
Guraandhala16/2018(ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddisuurratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu qooda fudhattoonni damichaa ibsan. Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 Gabaa Addunyaaf erguun galii doolaara biiliyoona 2.65 argachuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, bara baajataa 2018 buna toonii kuma 600 gara alaatti erguun galii doolara biiliyoona 3 ol argachuuf karoorsitee hojjechaa jirti. Qaamoleen damicharratti bobba’an ENA’f akka ibsanitti,damee qonnaan omishtummaa bunaarratti bu’aa gaarii galmeessisuuf hojiin eegumsa qabeenya uumamaa murteessaa ta’uu mirkaneessaniiru. Naannoo Oromiyaatti Al-ergii fi Oomisha Bunaa irratti kan hirmaatan obbo Faxxanaa Yewaalaasheet hojiin qabeenya uumamaa keessumaa Ashaaraan Magariisaa qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru. Waggoottan darban Sagantaan Ashaaraa Magariisaa itti fufinsaan hojjetamuunsaa buna omishuuf sirna ekkooloojii fi haala qilleensaa mijataa ta’e uumuu dandeessisuu dubbataniiru.   Naannoo Kibba Dhiha Itiyoophiyaatti hojii damee bunaarratti kan bobba’an Andu’aalam Fantaa gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishtummaa bunaa guddisuurratti jijjiirama guddaa fidaa jira jedhaniiru. Kun ta’uusaan Magantaa Ashaaraa Magariisaarratti miseensonni waldichaa bal’inaan hirmaachuun misoomicha deeggaraa jirra jechuun ibsaniiru. Bakkeewwan biyyattii adda addaatti omishtummaa bunaa guddisuuf qabeenya uumamaa eeguun murteessaa ta’uu kan ibsan naannoo Sidaamaatti hojii buna dhiheessuurratti kan bobba’an Abaataa Kiishooti. Yaada kennitoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan bunaa Sanyii fooyya’oo dhaabbiif qopheessaa jiraachuu dubbataniiru. Itti Aanaan pirezidaantii Waldaa Buna Itiyoophiyaa Zarihuun Qaamiisoo gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee biyya keenyaa ariifachiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu beeksisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti erga hojiirra ooluu jalqabee biqiltuuwwan bunaa biiliyoona 8 ol dhaabbachuusaanii himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16959
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2287
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015