ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Noorweey bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - Pirezdaanti Taayyee Asqasillaasee
Mar 13, 2026 127
Bitootessa 4/2018 (ENA): Hariiroon dippilomaasii cimaan Itiyoophiyaa fi Noorweey damee adda addaatiin bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen ibsaniiru. Simpooziyeemiin mata duree “Itiyoophiyaa fi Noorweey Walta’iinsa Waggaa Kudhanii waldhaansa Onnee fi gabbisa Dandeettii fi adeemsa lubbuu baraaruu” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Pireezdaanti Taayyee Asqasilaaseen walitti dhufeenyi dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Noorweey waggoota kurnan saddeet keessatti tumsaa fi michummaa cimaadhaan cimee akka ture yaadachiisaniiru. Keessattuu walta’iinsi yaala onnee michooma cimaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan agarsissu ta’uu hubachiisaniiru. Tumsi kun lubbuu baraaruu qofa osoo hin taane dhukkubsattootaaf abdii haaraa akka kennus ibsaniiru. Ergamni tumsa kanaa inni guddaan lubbuu baraaruu ta’us, itti fufinsi isaa garuu ce’umsa beekumsaa fi teeknooloojiitiin kan mirkanaa’u ta’uu ibsaniiru. Kanaaf tumsi kun furmaata biyya keessaa fi tajaajila yaalaa sadarkaa olaanaa qabuun daran cimuu akka qabu dubbataniiru. Pireezidaantichi itti dabaluudhaan mootummaan Itiyoophiyaa Noorweey waliin hariiroo bara dheeraa damee adda addaatiin akka qabu ibsuun akka fakkeenyaatti dhaabbata Qorannoo Armawa Hansan jedhamu kan bara 1970moota irraa eegale kanaaf gumaacha guddaa gochaa ture eeraniiru. Inistiitiyuutichi wiirtuu qorannoo yaalaa ta’ee Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane Afrikaattis ogeeyyii oomishuuf adda duree ta’uu hubachiisaniiru. Imaammanni fayyaa Itiyoophiyaa ittisa dhibee irratti xiyyeeffate yeroo ammaa tajaajila fayyaa Itiyoophiyaa irratti jijjiirama ariifataa fidaa akka jiru Pireezidaantichi ibsaniiru. Bu’uuraalee fayyaa cimsuun tajaajila kana dhaqqabamaa fi gatii madaalawaa taasisuuf mootummaan ciminaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Yuunivarsiitiiwwan, hospitaalonni, dhaabbileen mootummaa, fi michoonni yeroo waliin hojjetan jireenya hawaasaa jijjiiruun akka danda’amu ibsaniiru. Gama kanaan dameen dhuunfaa ga’ee isaa akka ba’us waamicha dhiyeessaniiru. Hojiiwwan lubbuu baraaruu fi abdii deebisan irratti hirmaachuun yeroo hunda gammachuu guddaa akka ta’e kan eeran Pireezidaanti Taayyeen, milkaa’ina waggoota kurnan darban keessatti galmaa’eef bu’uura ta’e dinqisiifachuunis barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaanti Taayyee Asqasillaasee Godina Gaamootti Balaa sigiga lafaa mudateen Miidhaa qaqqabeef gadda itti dhagahame ibsan
Mar 13, 2026 75
Bitootessa 4/2018 (ENA)- Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaasee Naannoo kibba Itiyoophiyaa Godina Gaamoo Aanaa Gaacoo Baabbaa ganda Laakaatti, balaa Sigiga lafaa mudateen lubbuu namootaa darbee fi buqqa'iinsa gaheen gadda itti dhaga'ame ibsaniiru. Pirezidaanti Taayyeen lammiilee Balaa Kanaan lubbuusaanii dhabaniif gadda itti dhagahame ibsuun, maatii fi firoottansaaniif jajjabina hawwaniiru.
Ministeerri Fayyaa Qorannoo kunuunsa daa’immanii fi Haadholii, kenna tajaajila karoora maatii, talaalliirratti xiyyeeffatte gaggeessuufi
Mar 13, 2026 72
Bitootessa 4/2018 (ENA)- Ministeerri fayyaa Qorannoo kunuunsa daa’immanii fi Haadholii, kenna tajaajila karoora maatii fi talaalliirratti xiyyeeffatte gaggeessuuf ta’uu ibse. Ministeerichi Yunvarsiitii Finfinnee fi Joon Hooppikiinsi waliin ta’uun qorannicha kan gaggeessu ta’u ibseera. Qorannichi Sadarkaa biyyaalessaatti haala Eegumsa Fayyaa haadholii fi daa’immaniirratti Faayidaa guddaa kan qabu yoo ta’u hojiin dirree eegaluu ifoomeera. Sagantaa qo’annichi itti ifoomerratti kan argaman Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa akka ibsanitti, mootummaan sirna murtee ragaarratti hundaa’e ijaaruuf xiyyeeffannoo kennee lakkoofsa du’a Haadholii fi daa’immanii haala olaanaan hir’isuun danda’ameera. Bu’aan kun galmaa’uu kan danda’e jijiiramaa asitti dhaabbilee fayyaa babal’isuun, galteewwan guutuunii fi haadholiin da’umsa duraa fi booda hordoffii wal’aansaa akka taasisaniif hubannaan uumamuusaan ta’uu ibsaniiru. Qorannoon amma gaggeeffamu, keessattuu dhaqqabamummaa karoora maatiirratti, qulqullina kunuunsa fayyaa haadhoii fi daa'immanii, akkasumas waliin gahinsa talaallii ilaalchisee ragaa qabatamaa jiru baruu fi murteewwan imammata gara fuulduraatiif akka galteetti tajaajiluuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunvarsiitii Finfinneetti Diiniin Barnoota Fayyaa Hawaasaa Doktar Mulgeetaa Taammiree gamasaaniin, qorannichi kutaalee Hawaasa biyyaa (naannolee) hundaa kan hammatu ta’uu eeraniiru. Qorannoon hojiirra oolmaa hordffii raawwii Itiyoophiyaa kun waggoota shaniif kan turu yoo ta'u, Ragaa qindaa’e sadarkaa biyyaalessaatti dhiyeessuun bu'a qabeessummaa damee fayyaa mirkaneessuu fi damee kanaan giddu-gala Ga’oomaa (excellence center) ijaaruuf mi gargaara jechuun ibsaniiru. Sagantaa eegalchiisa hojii qorannoo kana irratti hoggantoonni fayyaa olaanoon Federaalaa fi Naannolee kan argaman yoo ta'u, ragaaleen qorannoo kanaan walitti qabaman tajaajila fayyaa fayyadamummaa hawaasaa caalaatti guddisuuf bu'uura akka ta'an ibsameera.
Daandiin qilleensichaa hojiiwwan dorgomtummaa idil addunyaa isaa guddisuuf taasisaa jiru cimsuu qaba- Pireezidaanti Taayyee Asqasillaasee
Mar 13, 2026 96
Bitootessa 4/2018 (ENA): Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa dorgomtummaa idil-addunyaa isaa guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu Pireezidaantiin Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi To’ataan Olaanaa Dhaabbata Badhaasa Qulqullinaa Itiyoophiyaa Taayyee Asqasillaaseen ibsaniiru. Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa qulqullina biyyoolessaa 12ffaa irratti badhaasa tokkoffaa injifachuun isaa ni yaadatama. Har'a Piziidaanti Taayyee Asqasillaaseen daandii qilleensaa fi hojii isaa daawwataniiru. Pireezdaanti Taayyeen daawwannaa isaaniin akka ibsanitti, Daandiin Qilleensaa Federaalaa mallattoo biyyaati jedhani. Daandiin qilleensaa kun guddina biyyaatiif gumaacha olaanaa taasiseef badhaasni qulqullina sadarkaa tokkoffaa akka isaaf malu qabatamaan mirkaneessaa jira jedhan. Daandiin qilleensaa kuni Itiyoophiyaa fi Afrikaa addunyaa waliin haala olaanaan walitti kan hidhe ta’uu eeruun, ciminni humna namaa fi aadaan hojii isaa kan irraa baratamuu qabu dha jedhni. Dhaabbatichi dorgomtummaa idil-addunyaa isaa guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru akka itti fufu dhaamaniiru. Hojii gaggeessaan Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo akka ibsanitti, daandiin xiyyaaraa kun balaliiwwan isaa bakkeewwan idil-addunyaa fi biyya keessaatti babal’isaa jira jedhani. Dhaabbata yeroodhaa gara yerootti tajaajila isaa fooyyessaa turee fi kanaaf badhaasa hedduu injifate ta’uu ibsaniiru. Fuuldurattis dorgomtummaa idil-addunyaa mirkaneessuuf tattaaffii keenya cimsinee akka itti fufnu isiniin mirkaneessa jedhaniiru.
Abbootiin amantaa gumaacha nageenya, misoomaa fi walooma naannichaarratti taasisan cimsuu qabu
Mar 13, 2026 80
Bitootessa 4/2018(ENA)-Abbootiin amantaa gumaacha nageenya, misoomaa fi walooma naannichaarratti timsaan taasisan cimsuu qabu jedhan bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii dubbatan. Waltajjiin marii sadarkaa naannootti abbootii amantaa Ortodoksii Itiyoophiiyaaf mata duree “mootummaa ida’amuu fi dhaabbilee amantaa” jedhuun qophaa’e magaalaa Hararitti gaggeeffameera. Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii waltajjicharratti akka jedhanitti, biyyi kan ijaaramu gumaachaa fi hirmaannaa hundaatiini. Dhaabbileen amantaa naannichatti argamanis gama hundaanuu mootummaa waliin ta’uun hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Dhaabbileen amantaa nageenya gama mirkaneessuu fi hojiilee misoomaa hunda galeessa naannichatti eegalaman deeggaruun qooda irraa eegamu bahachaa akka jiran kaasaniiru. Waldaan kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoos dhaloota ijaaruun, gama misoomaa fi guddina hawaasummaa fi dinagdeen, walitii hidhamiinsa ummattootaan fi kanneen birootiinis hojii jajjabeessaa hojjechuushee dubbataniiru. Dhaabbileen amantaa akka cimanii fi gabbatan mootummaan gumaacha hedduu taasisuu dubbataniiru. Dhaabbilee amantaa jidduutti obbolummaa gabbisuun hojii walitti dhiheenyaan hojjetan cimsuun akka barbaachisu himaniiru. Hojii mootummaan naannichaa dhaabbilee amantaa waliin walitti dhihaatee hojjechaa jiruuf abbootiin amantaa maricharratti hirmaatan galateeffataniiru. Hojiin misooma kooriidaraa fi kanneen biroo naannichatti hojjetaman magaalattii miidhagsaa fi jiraattotaaf itti quufinsa ummataas mirkaneessaa waan jiruuh hojii kana jajaniiru. Fuulduras mootummaa cinaa dhaabachuun hojii misoomaa, nageenyaa fi waloomaa xiyyeeffannoon akka deeggaran mirkaneessaniiru. Hooggantoonni olaanoo naannichaa, gaggeessitoonni mana amantichaa, luboonnii fi kanneen biroos saganticharratti hirmaataniiru.
Siyaasa
Milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamuuf tumsa taasisuuf qophaa’aa jirra- Jiraattoota magaalaa Shaambuu
Mar 12, 2026 280
Bitootessa 3/2018(ENA)-Jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu milkaa’ina filannoo biyyaalessaa bara kanaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti Galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jira. Jiraataan Magaalaa Shaambuu Obbo Bushaa Dannabaa, mirga dimokiraasiitti fayyadamuun paartii siyaasaa naaf ta'a jedhee itti amanu dhiibbaa tokko malee filachuuf kaardii filannoo fudhadheera jechuun dubbataniiru. Sagaleen keenya egeree keenya murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf galmaa'uun kaardii fudhachuun cinaatti filannoon bara kanaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa bilisaa, haqa qabeessaa fi karaa Diimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamuuf waan isaanirraa eegamu kan raawwatan ta'uu jiraataan Magaalichaa biroon obbo Biqilaa Tamasgeen yaada kennaniiru. Kaardii filannoo fudhatanis guyyaa filannoo sagalee paartii barbaadan filachuun egeree biyyaa murteessuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa qabduutti ceesisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta'uus itti dabaluun dubbataniiru. Godinichatti galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jiraachuu Walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Asaffaa Gabayyoo ibsaniiru. Hawaasni godinichaa Umuriin isaanii Waggaa 18 fi isaa ol ta'an galmaa'uun kaardii filannoo fudhatanii mirga Diimokiraasii isaaniif kennametti fayyadamuun sagalee isaaniitiin egeree biyyaa fi dhalootaa ijaaruu akka qaban obbo Asaffaa dhaamaniiru. Waajjira Koomunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarra
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii biyya fayyada jennee amanneef sagalee kennuuf kaardii filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra
Mar 12, 2026 195
Bitootessa 3/2018 (ENA): Jiraattonni naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa fi Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii nagaa fi misooma biyyattii fayyada jedhanii amanan filachuuf kaardii filachuuf isaan dandeessisu fudhachuu himani. Jiraattuun Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Beegii aadde Baqqaluu Bultoo ENAtti akka himanitti, kaardii filannoo kan paartii misoomaa fi nageenyaaf dursa kennu filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra jedhani. Jiraataan aanaa kanaa kan biraa Daani'eel Alamuu akka himanitti, paartii filannoo waliigalaa irratti mirga koo tiksee biyya guddisa jedhee amanu filachuuf kaardii fudhadheera jedhani. Dhaabbata siyaasaa rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa hiikuu fi piroojektoota misoomaa hunda galeessa hawaasaaf waliin gahu filachuuf qophii ta’uu isaanii akeekaniiru. Jiraataa magaalaa Gimbii kan ta’an Saamsoon Qajeelaan gama isaaniin paartii guddinaa fi nageenya biyyattiif gaarii ta’a jedhee amanu filachuuf kaardii fudhachuu himani. Haaluma walfakkaatuun, jiraattonni Godina Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filattootaa kan filachuuf nu dandeessisu fudhanneerraa jedhan. Jiraataa Godinichaa aanaa Liiban ganda Buririi kan ta’e Taarikuu Abdiin mirga dimokraatawaa filannoo biyyaalessaa irratti hirmaachuuf qabanitti fayyadamuuf kaardii fudhachuu isaanii ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa akka ta'uuf ga'ee isaanii bahaa jiraachuus ibsaniiru. Dargaggoo Maammush Fayyisaa jiraataa magaalaa Nagaallee Booranaa yoo ta’u, kaardii mirga dimokraatawaa filannoo kana irratti hirmaachuuf isa dandeessisu fudhachuu isaa himeera.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad daawwannaa hojiif har’a waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galaniiru.
Mar 12, 2026 203
Bitootessa 3/2018(ENA) : Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad daawwannaa hojiif har’a waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galaniiru. Ministirri Muummee daawwannaa hojiif waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galuu isaanii waajjirri Ministira Muummee ibseera.
Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda keenya bahuuf qophoofneerra
Mar 12, 2026 122
Bitootessa 3/2018(ENA)- Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda isaa bahuuf qophaa’uusaa federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibse. Filannoo walii galaa baranaaf paartileen ggaragaraa 47 kaadhimamtoota kuma 1 fi 934 kan galmeessisan yoo ta’u, galmeen filattootaas eegalamee adeemsarra jira. Dargaggoonni filannicharratti dammaqinaan hirmaachuun qoodasaanii akka bahan hojjechaa akka jiru federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibsaniiru. Pirezidaantiin federeeshinichaa dargaggoo Sisaayi Abarraa akka ibsetti, waldaa dargaggootaa magaalattii waliin ta’uun, naamusa, seerotaa fi dambiiwwan filannoo irratti miseensotasaaf hubannoo uumeera. Federeeshinichi miseensotasaa filannoo taajjaban boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaaf erguusaa beeksiseera. Pirezidaantiin waldaa dargaggootaa magaalaa Adaamaa dargaggoo Abdallaa Gelloo gamasaatiin, gurmaa’insoota magaalaa, godinaa fi aanaaleetti qindeessuun filannichi haqa qabeessa, bilisaa, demokiraatawaa akka ta’uu fi karaa nagaa akka gaggeeffamu waldichi hojjechaa jira jedheera.
Ministirri Muummee doktar Abiyi Ahimad hoggantoota hojii adda addaaf muudama kennaan
Mar 11, 2026 255
Bitootessa 2/2018(ENA): Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hoggantoota hojii adda addaaf muudama kennaaniiru. Muudamoota Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Bitootessa 2, bara 2018 (A.L.I) jalqabee kennaman: • Leetenal Jeneraal Asraat Danneeroo: Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee. • Gargaaraa Komishinara Toofiq Madad: Itti-aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee. • Obbo Erziiq Isaa: Itti-aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee ta’uun muudamaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun isaa nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf carraa tarsiimoo uuma
Mar 10, 2026 436
Bitootessa 1/2018 (ENA): Itiyoophiyaan ulaa Galaana argachuun ishee nageenyaafi tasgabbii naannoo sanaaf carraa tarsiimoo ni uuma jedhan Raayyaa Ittisaatti Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaa fi Leenjii Jeneraal Yimar Makonniin. Waldaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa mata duree “Galaana Diimaa fi ulaa Galaanaa Mirga Uumamaa Itiyoophiyaaf” jedhuun marii gaggeessaa jira. Akka Jeneraal Yimar Mokonniin itti gaafatamaan olaanaa Barnootaa fi Leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa ibsanitti, Adulisii fi Zaylaan bara Impaayera Axumitii eegalee karra daldalaa fi aadaa Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaa akka turan seenaan kan agarsiisuu dhugaa lafa jiru dha jedhani. Dhugaan seenaa kun fedhii siyaasaa dhiyeenya kanaa osoo hin taane mirga seenaa fi uumamaa birmadummaa fi dhimma lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waliin kan wal qabatu dha jedhani. Itiyoophiyaan buufata galaanaa keessaa bahuun guddina dinagdeef gufuu ta’uu ibsuun, dhimma buufata galaanaa kanaaf furmaata argachuun diinagdee Itiyoophiyaa fi walitti dhufeenya diinagdee naannichaaf murteessaa ta’uu akeekaniiru. Abbummaan buufata galaanaa kun dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa tiksuu qofa osoo hin taane balaa nageenyaa naannichatti mudatu waliin ta’uun ittisuuf dandeettii tarsiimoo kan kennu ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluunis dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa faayidaa waliinii fi ida’amuu naannoo irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa walta’iinsa waloo fi walitti dhufeenya nageenyaa fi bu’uuraalee misoomaa naannichaa cimsuun tumsa Baha Afrikaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Dhimmichi hirmaannaa cimaa akka barbaadu eeruun, kanaafis hirmaannaan cimaan miseensota waldichaa murteessaa ta’uu eeraniiru. Pireezidaantiin Waldaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, ajajaan shantamaa Biraanuu Amaaree gama isaaniitiin, miseensonni waldichaa dhimma biyyaalessaa keessatti gahee adda duree fudhachaa akka jiran ibsaniiru. Dhimmi buufata galaanaa karaa nagaa fi dippilomaasiitiin deebii akka argatu waldichi itti gaafatamummaa isaa akka bahus mirkaneessaniiru.
Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa dabarsani kennuuf socho'an siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban - Doktar Ballaxaa Mollaa
Mar 8, 2026 492
Guraandhala 29/2018 (ENA): Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa diinota seenaa biyyattiitti dabarsanii kennuuf hojjetan siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban jedhan dura taa'aan Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) Doktar Ballaxaa Mollaa. Galaanni Diimaan gabeenya uumamaa keenya eeyyamaa fi hirmaannaa Ummata Itiyophiyaan ala shira Siyaasaan dhabneedha kan jedhan Doktar Ballaxaan, karaa bu'uura seeraa tokkollee hin qabneen akka dhabnu ta'uun shira cimaa Itiyophiyaanota hunda irratti raawwatame ta'uu dubbataniiru. Qabeenya seena qabeessa kana dhabuun dhaloota ammaa biratti miira gaabbii kan uumuu ta’uu eeruun, gaaffiin abbaa qabeenyummaa Ulaa Galaanaa mirga uumamaa, Seeraa fi teessuma lafaa bu'uureffate ta'uus hubachiisaniiru. Mootummaan gaaffii ummataa kana deebisuu fi bu'aa tarsiimawaa Itiyoophiyaa kabajchiisuuf karaa dippiloomaasummaan daandii dheeraa imaluu himaniiru. Gaaffichi ajandaa biyyaalessaa ta'uus paartiin isaanii akka deeggaru mirkaneessaniiru. Haalli mijataan mirga uloaa Galaanaa argachuu biyyattiin Seenaa fi uumamaan qabdu irra deebiin mirkaneessu uumamuu akka qabus eeranii, paartiin isaanii gaaffii haqaqabeessa kana galmaan ga'uuf kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaan laga Abbayyaa madda humna elektirikaa akka ta'uuf hidhuun fayyadamummaa ishee qormaatilee hedduu keessatti milkaneessuu eeranii, gaaffii ulaa galaanaa irrattis waloon hojjechuun akka barbaachisu dubbatani. Seenaa keessatti diinonni biyyattii carraaqqiiwwan misoomaa ishee akka gufataniif halkanii guyyaa akka hojjetan himanii, Itiyoophiaanonni garuu diina waloo isaanii dhimma ittiin ofirraa qolatanii dha jedhan. Wayita ammaa kanatti dhimmoota faayidaa bayyaalessaa caalaa ajandaan biraa xiyyeeffannaa argachuu qabu akka hin jirre himaniiru.

Hawaasummaa
Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Noorweey bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - Pirezdaanti Taayyee Asqasillaasee
Mar 13, 2026 127
Bitootessa 4/2018 (ENA): Hariiroon dippilomaasii cimaan Itiyoophiyaa fi Noorweey damee adda addaatiin bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen ibsaniiru. Simpooziyeemiin mata duree “Itiyoophiyaa fi Noorweey Walta’iinsa Waggaa Kudhanii waldhaansa Onnee fi gabbisa Dandeettii fi adeemsa lubbuu baraaruu” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Pireezdaanti Taayyee Asqasilaaseen walitti dhufeenyi dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Noorweey waggoota kurnan saddeet keessatti tumsaa fi michummaa cimaadhaan cimee akka ture yaadachiisaniiru. Keessattuu walta’iinsi yaala onnee michooma cimaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan agarsissu ta’uu hubachiisaniiru. Tumsi kun lubbuu baraaruu qofa osoo hin taane dhukkubsattootaaf abdii haaraa akka kennus ibsaniiru. Ergamni tumsa kanaa inni guddaan lubbuu baraaruu ta’us, itti fufinsi isaa garuu ce’umsa beekumsaa fi teeknooloojiitiin kan mirkanaa’u ta’uu ibsaniiru. Kanaaf tumsi kun furmaata biyya keessaa fi tajaajila yaalaa sadarkaa olaanaa qabuun daran cimuu akka qabu dubbataniiru. Pireezidaantichi itti dabaluudhaan mootummaan Itiyoophiyaa Noorweey waliin hariiroo bara dheeraa damee adda addaatiin akka qabu ibsuun akka fakkeenyaatti dhaabbata Qorannoo Armawa Hansan jedhamu kan bara 1970moota irraa eegale kanaaf gumaacha guddaa gochaa ture eeraniiru. Inistiitiyuutichi wiirtuu qorannoo yaalaa ta’ee Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane Afrikaattis ogeeyyii oomishuuf adda duree ta’uu hubachiisaniiru. Imaammanni fayyaa Itiyoophiyaa ittisa dhibee irratti xiyyeeffate yeroo ammaa tajaajila fayyaa Itiyoophiyaa irratti jijjiirama ariifataa fidaa akka jiru Pireezidaantichi ibsaniiru. Bu’uuraalee fayyaa cimsuun tajaajila kana dhaqqabamaa fi gatii madaalawaa taasisuuf mootummaan ciminaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Yuunivarsiitiiwwan, hospitaalonni, dhaabbileen mootummaa, fi michoonni yeroo waliin hojjetan jireenya hawaasaa jijjiiruun akka danda’amu ibsaniiru. Gama kanaan dameen dhuunfaa ga’ee isaa akka ba’us waamicha dhiyeessaniiru. Hojiiwwan lubbuu baraaruu fi abdii deebisan irratti hirmaachuun yeroo hunda gammachuu guddaa akka ta’e kan eeran Pireezidaanti Taayyeen, milkaa’ina waggoota kurnan darban keessatti galmaa’eef bu’uura ta’e dinqisiifachuunis barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaanti Taayyee Asqasillaasee Godina Gaamootti Balaa sigiga lafaa mudateen Miidhaa qaqqabeef gadda itti dhagahame ibsan
Mar 13, 2026 75
Bitootessa 4/2018 (ENA)- Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaasee Naannoo kibba Itiyoophiyaa Godina Gaamoo Aanaa Gaacoo Baabbaa ganda Laakaatti, balaa Sigiga lafaa mudateen lubbuu namootaa darbee fi buqqa'iinsa gaheen gadda itti dhaga'ame ibsaniiru. Pirezidaanti Taayyeen lammiilee Balaa Kanaan lubbuusaanii dhabaniif gadda itti dhagahame ibsuun, maatii fi firoottansaaniif jajjabina hawwaniiru.
Ministeerri Fayyaa Qorannoo kunuunsa daa’immanii fi Haadholii, kenna tajaajila karoora maatii, talaalliirratti xiyyeeffatte gaggeessuufi
Mar 13, 2026 72
Bitootessa 4/2018 (ENA)- Ministeerri fayyaa Qorannoo kunuunsa daa’immanii fi Haadholii, kenna tajaajila karoora maatii fi talaalliirratti xiyyeeffatte gaggeessuuf ta’uu ibse. Ministeerichi Yunvarsiitii Finfinnee fi Joon Hooppikiinsi waliin ta’uun qorannicha kan gaggeessu ta’u ibseera. Qorannichi Sadarkaa biyyaalessaatti haala Eegumsa Fayyaa haadholii fi daa’immaniirratti Faayidaa guddaa kan qabu yoo ta’u hojiin dirree eegaluu ifoomeera. Sagantaa qo’annichi itti ifoomerratti kan argaman Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa akka ibsanitti, mootummaan sirna murtee ragaarratti hundaa’e ijaaruuf xiyyeeffannoo kennee lakkoofsa du’a Haadholii fi daa’immanii haala olaanaan hir’isuun danda’ameera. Bu’aan kun galmaa’uu kan danda’e jijiiramaa asitti dhaabbilee fayyaa babal’isuun, galteewwan guutuunii fi haadholiin da’umsa duraa fi booda hordoffii wal’aansaa akka taasisaniif hubannaan uumamuusaan ta’uu ibsaniiru. Qorannoon amma gaggeeffamu, keessattuu dhaqqabamummaa karoora maatiirratti, qulqullina kunuunsa fayyaa haadhoii fi daa'immanii, akkasumas waliin gahinsa talaallii ilaalchisee ragaa qabatamaa jiru baruu fi murteewwan imammata gara fuulduraatiif akka galteetti tajaajiluuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunvarsiitii Finfinneetti Diiniin Barnoota Fayyaa Hawaasaa Doktar Mulgeetaa Taammiree gamasaaniin, qorannichi kutaalee Hawaasa biyyaa (naannolee) hundaa kan hammatu ta’uu eeraniiru. Qorannoon hojiirra oolmaa hordffii raawwii Itiyoophiyaa kun waggoota shaniif kan turu yoo ta'u, Ragaa qindaa’e sadarkaa biyyaalessaatti dhiyeessuun bu'a qabeessummaa damee fayyaa mirkaneessuu fi damee kanaan giddu-gala Ga’oomaa (excellence center) ijaaruuf mi gargaara jechuun ibsaniiru. Sagantaa eegalchiisa hojii qorannoo kana irratti hoggantoonni fayyaa olaanoon Federaalaa fi Naannolee kan argaman yoo ta'u, ragaaleen qorannoo kanaan walitti qabaman tajaajila fayyaa fayyadamummaa hawaasaa caalaatti guddisuuf bu'uura akka ta'an ibsameera.
Abbootiin amantaa gumaacha nageenya, misoomaa fi walooma naannichaarratti taasisan cimsuu qabu
Mar 13, 2026 80
Bitootessa 4/2018(ENA)-Abbootiin amantaa gumaacha nageenya, misoomaa fi walooma naannichaarratti timsaan taasisan cimsuu qabu jedhan bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii dubbatan. Waltajjiin marii sadarkaa naannootti abbootii amantaa Ortodoksii Itiyoophiiyaaf mata duree “mootummaa ida’amuu fi dhaabbilee amantaa” jedhuun qophaa’e magaalaa Hararitti gaggeeffameera. Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii waltajjicharratti akka jedhanitti, biyyi kan ijaaramu gumaachaa fi hirmaannaa hundaatiini. Dhaabbileen amantaa naannichatti argamanis gama hundaanuu mootummaa waliin ta’uun hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Dhaabbileen amantaa nageenya gama mirkaneessuu fi hojiilee misoomaa hunda galeessa naannichatti eegalaman deeggaruun qooda irraa eegamu bahachaa akka jiran kaasaniiru. Waldaan kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoos dhaloota ijaaruun, gama misoomaa fi guddina hawaasummaa fi dinagdeen, walitii hidhamiinsa ummattootaan fi kanneen birootiinis hojii jajjabeessaa hojjechuushee dubbataniiru. Dhaabbileen amantaa akka cimanii fi gabbatan mootummaan gumaacha hedduu taasisuu dubbataniiru. Dhaabbilee amantaa jidduutti obbolummaa gabbisuun hojii walitti dhiheenyaan hojjetan cimsuun akka barbaachisu himaniiru. Hojii mootummaan naannichaa dhaabbilee amantaa waliin walitti dhihaatee hojjechaa jiruuf abbootiin amantaa maricharratti hirmaatan galateeffataniiru. Hojiin misooma kooriidaraa fi kanneen biroo naannichatti hojjetaman magaalattii miidhagsaa fi jiraattotaaf itti quufinsa ummataas mirkaneessaa waan jiruuh hojii kana jajaniiru. Fuulduras mootummaa cinaa dhaabachuun hojii misoomaa, nageenyaa fi waloomaa xiyyeeffannoon akka deeggaran mirkaneessaniiru. Hooggantoonni olaanoo naannichaa, gaggeessitoonni mana amantichaa, luboonnii fi kanneen biroos saganticharratti hirmaataniiru.
Diinagdee
Daandiin qilleensichaa hojiiwwan dorgomtummaa idil addunyaa isaa guddisuuf taasisaa jiru cimsuu qaba- Pireezidaanti Taayyee Asqasillaasee
Mar 13, 2026 96
Bitootessa 4/2018 (ENA): Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa dorgomtummaa idil-addunyaa isaa guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu Pireezidaantiin Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi To’ataan Olaanaa Dhaabbata Badhaasa Qulqullinaa Itiyoophiyaa Taayyee Asqasillaaseen ibsaniiru. Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa qulqullina biyyoolessaa 12ffaa irratti badhaasa tokkoffaa injifachuun isaa ni yaadatama. Har'a Piziidaanti Taayyee Asqasillaaseen daandii qilleensaa fi hojii isaa daawwataniiru. Pireezdaanti Taayyeen daawwannaa isaaniin akka ibsanitti, Daandiin Qilleensaa Federaalaa mallattoo biyyaati jedhani. Daandiin qilleensaa kun guddina biyyaatiif gumaacha olaanaa taasiseef badhaasni qulqullina sadarkaa tokkoffaa akka isaaf malu qabatamaan mirkaneessaa jira jedhan. Daandiin qilleensaa kuni Itiyoophiyaa fi Afrikaa addunyaa waliin haala olaanaan walitti kan hidhe ta’uu eeruun, ciminni humna namaa fi aadaan hojii isaa kan irraa baratamuu qabu dha jedhni. Dhaabbatichi dorgomtummaa idil-addunyaa isaa guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru akka itti fufu dhaamaniiru. Hojii gaggeessaan Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo akka ibsanitti, daandiin xiyyaaraa kun balaliiwwan isaa bakkeewwan idil-addunyaa fi biyya keessaatti babal’isaa jira jedhani. Dhaabbata yeroodhaa gara yerootti tajaajila isaa fooyyessaa turee fi kanaaf badhaasa hedduu injifate ta’uu ibsaniiru. Fuuldurattis dorgomtummaa idil-addunyaa mirkaneessuuf tattaaffii keenya cimsinee akka itti fufnu isiniin mirkaneessa jedhaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Xaa’oon kuntalli Miliyoonni 5 tuqaa 2 Yuniyeenotaa fi Waldaalee hojii gamtaaf dhiyaate
Mar 13, 2026 60
Bitootessa 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti bara kana hanga ammaatti qonna arfaasaa fi gannaaf kan oolu xaa’oon kuntaalli miliyoonni 5 tuqaa 2 Yuniyneenotaa fi Waldaalee Hojii Gamtaa dhimmi ilaallatuuf dhiyyachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise. Biirichatti Daayirkteerri misooma midhaanii obbo Musxafaa Huseen ENA’tti akka himanitti; naannichatti oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf hojii misooma qonnaa waqtii Arfaasaa fi Gannaa bara kanaaf qophiin gahaa taasifamuun hojiitti galameera. Hojii kana keessattis ogeeyyii sadarkaa adda addaarra jiranii fi hoggantoota akkasuma qonnan bultoota waliin mariin bal’aan taasifamuu ibsaniiru. Naannichatti karoora oomishaa fi oomishitummaa qonnaa qabame milkeesuuf galteewwaan qonnaa oomishaa fi oomishitummaa dabalan dhiheesuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Musxafaan eeraniiru. Bara kana naannichatti qonna waqtii Arfaasaa fi Gannaf galtewwan qonnaa barbaachisan karaa Yuniyeenotaa fi waldaalee Hojji Gamtaa qofaan kan rabsaman ta’uu himaniiru. Haaluma kanaan Xaa’oon kumtaalli miliyoonni 5 tuqaa 2 Yuniyeenootaa fi Waldaalee hojii gamtaa dhimmi ilaallatuuf dhihaachuu himaniiru. Dabalataan qonni kilaastaraan fi tekinolojiiwwaan oomishaa fi oomishitummaa dabalan biroo fayyadamuus xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru. Qonna waqtii Arfaasa bara kanaan godinaalee Oromiyaa sagalitti lafa heektaara miliyoona 1 tuqaa 9 misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru. Keessattu waqtii kana oomishaalee midhaanii akka Maashoo, Boqqoolloo, Mishingaa, Boloqqee, Qamadii, Garbuu, Atara fi kanneen biroo bal'inaan kilaastaran misoomsuuf hojjetama jirachuu eeraniiru. Oomisha kanaaf kan oolus Xaa'oon kuntaalli miliyoonni 1 tuqa 1 fi sanyiin filatamaa kuntaalli kumni 600 ol qophaa'uu obbo Musxafaan himaniiru. Dabalataan naannichatti waqtii ganna bara kanaan lafa heektaara miliyoona 11 ol misoomsuuf karoofamuu ibsaniiru. Oomisha waqtii kanaafis Xaa'oo kuntaala Miliyoona 10 tuqaa 3 dhiheesuuf karoorfamee hojjetama jira jedhaniiru. Dabalataan oomishaa fi oomishitummaa qonnaan bulaa dabaluuf naannaawa Asiidummaan biyyee itti baay'atutti Nooraa kuntaala kuma 400 qonnaan bulaaf dhiheesuuf karoorfamuu himaniiru. Hojii hojjetamaa jiru kanaanis qonna waqtii Gannaarraa omisha kuntaala miliyoona 376 ol argaachuuf karoorfamuu ibsaniiru
Qonnaan bultoonni Aanaa Dabra Libaanoos Qamadii Jallisii Boneen Facaasaan kunuunsaa jiru
Mar 13, 2026 57
Bitootessa 4/2018 (ENA)- Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dabra Libaanoositti Qonnaan Bultoonni Qamadii Jallisii Boneen facaasanirraa callaa gaarii argachuuf kunuunsa jiraachuusaanii himaniiru. Aanichatti Qonnaan bulaan ganda Xummaanoo obbo Dirribaa Magarsaa akka jedhanitti, misooma qamadii jallisii boneerraa bu'aa gaarii argachuuf kunuunsa jirachuusaanii himaniiru. Dabalataanis baroottan darbe misooma qamadii jallisiirraa bu'aa gaarii argachuu isaanii himuun,bara kanas lafa heektaara tokkoorraa callaa kuntaala 50 ol argachuuf karoorfaatanii hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bulaan Anichaa biroon obbo Bokee Daffaruu akka himanitti, lafa heektaara 1 tuqaa 5 irratti qamadii jallisii boneen misoomsaa jiraachuu dubbataniiru. Deeggarsi gama waajjira Qonnaan taasifamaafii akka jirus ibsaniiru. Qonnaan bultoonni hanga dhamaatii isaanii bu'aa argachuu qaban akka argataniif deeggarsaa ogummaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu taasiifamaa jiraachuu isaa Abbaan Adeemsaa Misooma Midhaanii fi Eegumsaa Biqiltuu Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanichaa Obbo Salamoon Ingidaasheet himaniiru. Bara kana akka aanichaatti qamadii jallisii lafa heektaara kuma 8 fi 590 sanyiin facaafamerraa callaan kuntaala kuma 400 fi kuma 25 argachuuf hojii kunuunsa irratti xiyyeeffattee hojjatamaa jiraachuu Obbo Salamoon dabaluun himaniiru
Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa sochii daldala Al-ergii fi Alaa-galan saffisiisuurrati ergamasaa cimsee itti fufeera
Mar 11, 2026 139
Bitootessa 2/2018 (ENA)– Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa sochii daldala Al-ergii fi Alaagalanii saffisiisuurrati ergamasaa cimsee itti fufuusaa hojii gaggeessaa olaanaan Invastimanti Holdingii Itiyoophiyaa doktar Buruuk Taayyee dubbatan. Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa,Konkolaattota Fe’umsaa gurguddoo amayaa’aa 100 hojii eegalchiiseera. Boba’aa deeggarsa mootummaan guddaan dhihaatu walitti hidhaminsa hanga gurgurtaa gatii tilmaamameen alatti, daldaltoota seeraan ala gurguran irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegaleera. Akka doktar Biruuk Taayyee ibsanitti; dhaabbilee Holdiingichaa jala jiran keessaa tokko kan ta'e Tajaajilli Geejjiba Galaanaa fi Loojistikii Itiyoophiyaa, badhaadhinaa fi guddina Itiyoophiyaa waliin kan wal gitu sadarkaa olaanaadhaan dirqamasaa akka ba’uuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sochii daldala Al-ergii fi Alaa galan saffisiisuuf dhaabbata qooda murteessaa qabu, gurmaa’insaa fi hoj-maata ammayaa’aan deeggaruun tajaajila si’ataa fi olaanaa akka kennuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran bu’aa qabeessa ta’uusaanii ibsaniiru. Guyyaa har’aa Konkolaattota Fe’umsaa gurguddoo amayaa’aa 100 hojii eegalan agarsiistuu kana ta’uu eeruun, gara fuulduraatti Gaazii Uumamaa Itiyoophiyaan qabdu kan fayyadaman Konkolaattota Fe’umsaa gurguddoo amayaa’aa 100 gara hojiitti galchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru. Hojiiwwan hojjetamaa jiran hanqina konkolaattota fe'umsaa furuun, damichaan dhaabbata filatamaa Afriikaa ta'uuf imala taasifamu kan milkeessan ta'uu ibsuuniiru. Deeggarsii fi xiyyeeffannoon Dhaabbatichaaf taasifamu cimee akka ittifufu eeruun, konkolaattota fe'umsaa gurguddoon hojii eegalan kun ergama Ambaasaddarummaa Itiyoophiyaa ogummaa fi dandeettii olaanaa fi naamusni ogummaa guutuu ta'een akka ba'atan dhaamaniiru. Hojii raawwachiisaa Olaanaa Geejjiba Galaanaa fi Loojistikii Itiyoophiyaa Injiinar Abdulbashir Shamsuu gamasaaniin; xiyyeeffannoo fi deggarsi dhaabbatichaaf kenname, socho’iiwwan Al-ergii fi Alaa galan dandeettii fi kutannoo olaanaadhaan galmaan gahuuf dandeessisaa akka jiru dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba
Mar 13, 2026 69
Bitootessa 4/2018 (ENA): Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee damee kanarratti qaban guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba jedhani hayyoonni damee kanaa. Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa diriirsuu, waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu, faayinaansii dijitaalaa cimsuu, tajaajila hijii mootummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu irratti kaayyeffatee hojetamaa jira. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa milkaa’uu kan danda’u, lammiilee damicha sirriitti hubachuu danda’u, dandeettii fi beekumsa akka gaariitti kan hidhate uumuun yoo danda’ame akka ta’e ibsameera. ENA’n dhimma kana irratti hayyoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin marii turtii taasiseen, hayyoonni kunneen bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuun tajaajila mootummaa iftoomina, saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuudhaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Hayyoota yuunivarsiitichaa keessaa obbo Fiqaaduu Warquu akka ibsanitti, Dijitaalli Itiyoophiyaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, magaalota ammayyaa jireenyaa uumuun lammiileef jireenya salphisa jedhani. Hayyuun yunivarsiitichaa kan biraa obbo Darrib Garramaa akka himanitti, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 bu’uuraalee misoomaa ummataa walitti hidhuun fayyadamummaa lammiilee ni mirkaneessa jedhani. Hojiileen tarsiimoo dijitaalaa 2025 keessatti galmaa'an galma ga'iinsa tarsiimoo bara 2030’f bu'uura cimaa akka ta'u kan ibsani immoo obbo Ismaa'eel Huseen dha. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa tajaajila ammayyaa fi saffisaa hawaasaaf kennuudhaaf haala mijataa kan uumu ta’uu eeruun, itti fufiinsa isaatiif ijaarsi ogummaa fi beekumsa lammiilee cimuu akka qabu dubbataniiru.
Wiirtuuleen tajaajila qindaa’aan fayyadama lammiilee guddisaa jiru – Misinstira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 10, 2026 88
Bitootessa 1/2018 (ENA)– Wiirtuun kenna tajaajila qindaa’aa agarsiistuu raawwii tajaajila mootummaa ijoo hojii fi fayyadamummaa lammiilee kan dagaagsu ta’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Magaalaa Harar daawwataniiru. Daawwannaasaaniin booda Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Magaalaa Hararitti dhaabbate, Tajaajila Mootummaa wiirtuu tokkotti qindeessee dhiheessuun qaama sagantaa biyyoolessaa ta’uusaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaniin dabarsaniin ibsaniiru. Itti dabaluunis wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo Harar dhaabbileen 8 foddaalee tajaajila 24n tajaajiloota uummataa 67 bakka tokkotti tajaajilamtootaaf dhiheessa jedhaniiru. Raawwiin biyyaalessaa kun gahumsa kenna tajaajila mootummaa, dhaqqabamummaa fi itti quufinsa lammiilee fooyyessuun dhaabilee gidduutti tajaajila bittinaa’aa hir’isuun , hawaasni tajaajila argachuuf yeroo fi maallaqa qisaasessu hir’isuu dandeessiseera jedhaniiru. Guutuu biyyaalessaatti Tooftaa Masoobiin, mootummaan ce’umsa dijiitaalayizeeshinii fi kenna tajaajila qindaa’aaf ejjennoo cimaa qabu haala mul’isuun babal’achaa jira jechuun Ministirri Muummee ibsaniiru. Wiirtuun tajaajilaa qindaa’aan agarsiistuu raawwii hojii ijoo tajaajila mootummaa fi fayyadamummaa lammiilee waligalaa kan guddisu ta'uusaa hubachiisaniiru.
Ilaalcha hin danda’amuu kan cabsan urjiilee samii
Mar 8, 2026 131
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf balalii biyya keessaa fi idil-addunyaa dubartootaa qofaan hogganamu saddeet ni gaggeessa. Akka addunyaa guutuutti balaliistota daandiiwwan xiyyaaraa daldalaa keessaa hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa jaha qofa dha akka ragaaleen agarsiisanitti. Kanneen giddu galeessaan addunyaa irraa fooyyee kan qaban keessaa, Daandiin Qileensaa Hindii (Air India) balaliistota isaa keessaa dhibbeentaan 15 dubartoota dha. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa balaliistota dubartoota 95 kan qabu yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa Afrikaa muraasa saffisaan lakkoofsa isaa dabalaa jiran keessaa isa tokko taasiseera. Balalii dubartoota qofaan hogganamu dubartoota balaliistota balalii kana irratti hirmaatan, kanneen ENA waliin turtii taasisan, balalii dubartoota qofaan taasifamu irratti hirmaachuun kan isaan kan boonsuu fi gammachuu isaaniif kan kenne akka ta’e dubbataniiru. Gargaartuu balaliistuu kan ta’an Tsiyoon Dammaqee akka ibsanitti, balaliisaa dargaggeettii dubaraa Itiyoophiyaa jalqabaa Kaapteen Amsaalee Gowaaluu irraa akka fakkeenya fudhatanii fi kaka’umsa argataniin booda indaastirichatti makame jdhani. Erga seektarichatti makamaniis namoonni isaan argan bakka deeman hundatti akka isaan jajjabeessan himaniiru. Gargaartuu balaliistuu kan biraa Liidiyaa Gammee akka himanitti, dameen kun shamarraniif qormaata ta’ee fudhatamus, dubartoonni hojjechuu akka danda’an kan agarsiisan kanneen nu dura turan irraa barachuun damichaatti makamne jedhani. Balalii dubartoota qofaan durfamu irratti hirmaachuun isaaniis akka isaan gammachiisuu fi akka isaan boonsu himaniiru. Hojii cimaa fi kutannoon rakkoolee mudatan irra aanuun furtuu milkaa’ina akka ta’e kan ibsan balaliistonni kunniin, dubartoonni cimanii hojjechuun ofitti amanamummaa yoo horatan bakka barbaadan ni ga’u jedhaniiru.
Inistitiyuutichi Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataa irratti qorannoowwan gama hedduun gaggeessaa jira
Mar 6, 2026 122
Guraandhala27/2018(ENA):-Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoo Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataarratti hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hedduu gaggeessaa jiraachuu beeksise. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa obbo Zinaabuu Asiraat akka ibsanitti, dhaabbatichi Aadaa, seenaa, duudhaa, Aartii,fi guddina Afaan Oromoorratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Dargaggoonni naamusa gaariin guddinaa fi misooma biyyaaf akka tattaafataniif gaheen qaamolee qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf Yuunvarsiitii Arsii fi dhaabbilee olaanoo Naannichatti argaman biroo waliin, komishinii Tuurizimii , gidduugala Qorannoo Aadaa Oromoo, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa itti dabaluun,hanga ammaatti qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojiiwwan qorannoo 70 ol raawwatamuusaanii eeraniiru. Isaan keessaa kitaabileen 30 ol Seenaa,Afaanii fi Aadaarratti xiyyeeffatan maxxanfamanii Hawaasaa dhihaataniiru jedhaniiru. Hojiin kun aadaa dubbisa dargaggootaa cimsuu fi naamusa hunda galeessa akka gonfataniif qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Bu’aawwan qorannoo fi qophiilee Kitaabaa Ilaalchisuun dargaggoonni yaada kennan, hojichi hanqina hubannoo dhaloota biratti mul’atu furuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dargaggoo Siraaj Ahimad akka ibsetti, dubbisuun dargaggoonni waa’ee eenyummaa fi Aadaa Hawaasaa akka beekan taasisa. Sirni Gadaa bu’uuraa fi eenyummaa keenya kan jedhe dargaggoo Siraaj, waa’ee sirnichaa fi duudhaalee Oromoo irratti beekumsa gahaa argachuuf Aadaa dubbisuu keenya gabbisuu qabna jedheera. Dhaloonni haaraan hojii tuffachuu keessaa bahee, hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabu ibseera.
Ispoortii
Baayer Leeverkusanii fi Arsenaal qixa ba’ani
Mar 12, 2026 71
Bitootessa 3/2018(ENA)-Sagantaa tapha mo’atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa tapha Baayer Leeverkusanii fi Arsenaal gidduutti taasifameen tokkoo fi tokkoon qixaan xumurameera. Tapha Istaadiyeemii Beey Areenaatti gaggeeffame Rooberti Andiriich daqiiqaa 46ffaatti galchii lakkofsiseen Leeverkusan dursaa ta’eera. Kaay Havaartiz daqiiqaa 89ffaarratti rukkuttaa adabbiin galchii lakkoofsiseen Arsenaaliin qixa taasiseera. Havaartiz ijoollummaasaatti kilabicharratti galchii lakkoofsisee ture. Taphichaan walmorkiin madaalawaan mul’ateera. Gareewwan lameen tapha deebii Bitootessa 8 bara 2018 istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffama.
Sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin Badhaadhinni Itiyoophiyaa ni dhugooma ta’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 8, 2026 131
Guraandhala 29/2018 (ENA): Badhaadhina Itiyoophiyaa sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin ni mirkaneessina jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Guyyaan dubartoota idil addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 115ffaa kan kabajamu yoo ta’u, akka Itiyoophiyaatti immoo yeroo 50ffaaf kabajamaa jira. Guyyaa Dubartoota Idil Addunyaa akka Itiyoophiyaatti yeroo 50ffaaf kabajuuf fiigichi daandii kiiloo meetira 5 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sagantaa ispoortii kana Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin ta'uun qopheesse. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ergaa gdabarsaniin dubartoonni gahee olaanaa ijaarsa biyyaa fi imala badhaadhinaa keessatti qaban guddaa dha jedhani. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti namoonni milkaa’oo fi atileetotni dubartoota beekamoo hedduun akka jiran eeruun, dandeettii fi humni adda ta’e kanaaf beekamtiin guddaan kennamuu akka qabu ibsaniiru. Nageenyaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif dubartoonni aarsaa guddaa akka kaffalan yaadachiisuun, akkasumas dubartoonni ammallee misooma biyyaalessaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Obboleewwan keenya waliin ta’uun biyya keenya guddifna kan jedhan, hirmaannaan dubartootaa dhiirota waliin haala qindoominaa fi deggarsa qabuun misooma biyyaaf akka oolu ni taasifnas jechuun ibsaniiru. Mootummaan hirmaannaa haqa qabeessa dubartootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus aadde Adaanech himaniiru. Akkasumas imala badhaadhinaatti hirmaannaan dubartootaa dinagdee fi hawaasummaa haqaan akka dhugoomu ciminaan hojjechuuf waadaa galaniiru. Imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu keessatti dubartoonni humna adda duree ta’uu kan ibsan kantiibaan kun, akkasumas guyyaa kana sababeeffachuun baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Ministirri Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogoe Tasfaayee gama isaaniitiin, jijjiirama biyyoolessaa har’a mul’ateef bu’uurri waggoota 50 darban keessatti mirgaa fi sagalee dubartootaa xiyyeeffannoo kennuudhaaf tattaaffii taasifameen akka ta’e ibsaniiru. Bu’aan dubartoonni damee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban guddina biyyaatiif murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni fiigicha kanarratti hirmaatan akka himanitti, fiigichi kun fayyaa qaamaa fi sammuu dubartootaa eeguu qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhani. Fiigicha daandii kiiloo meetira 5 kana irratti keessummoonni affeeraman, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi atileetotni bebbeekamoo hirmaataniiru.
Riyaal Sosiyeedaad tapha mo’atanii darbuu xumuraatti darbe
Mar 5, 2026 181
Guraandhala26/2018(ENA):-Tapha mo’atanii darbuu Waancaa Ispeen (Copa del Rey) walakkaa xumuraaa tapha deebii Riyaal Sosiyeedaad Atiletiko Biilba’oo 1 fi 0n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Anoo’eetatti gaggeeffameen Maayikiil Ayarzaabaal daqiiqaa 87ffaatti rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Gareewwan lameen morkii wal maadaalu gaggeessaniiru. Riyaal Sosiyeedaad bu’aa ida’amaan 2 fi 0n injifachuun xumuraaf darbeera. Kilabiin Baaskuu Tapha jalqabaan 1 fi 0n mo’achuunsaa ni yaadatama. Riyaal Sosiyeedaad tapha xumuraa irratti Atileetiko maadiriid waliin taphata. Taphni xumuraa Ebla 10 bara 2018 ni gaggeeffama. Atiletiko Maadiriid Baarsenoolaan bu’aa ida’amaan 4 fi 3n injifachuun xumuraaf darbuunsaa ni yaadatama
Piriimar liigichaan taphoonni Arsenaal Biraayiten waliin, Maanchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin taasisan hawwiin ni eegama
Mar 4, 2026 256
Guraandhala 25/2018(ENA) - Piriimar liigii Ingiliz torban 29ffaa oolmaa guyyaa lammataan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 4:30tti Biraayiteen Arsenaal waliin Istaadiyeemii Ameeksitti ni taphatu. Biraayiteen qabxii 37n sadarakaa 12ffaa qabateera. Arsenaal qabxii 64n liigicha dursaa jira. Taphichaan Biraayiteen Injifannoo itti fufaa liigichaa sadii galmeessisuuf kan taasisudha. Morkataansaa Arsenaal yoo injifate dursummaa liigichaa kan itti cimsatu qabxii murteessaa sadii argata. Taphicha Abbaa seerummaan Kiriis Kavanag ni gaggeessu. Sagantaa biroon Manchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Itihaaditti ni keessummeessa. Manchistar Siitiin Taphni tokko otoo isa hafuu qabxii 59n sadarkaa 2ffaa qabateera. Nootinghaam Fooresti qabxii 27n sadarkaa 17ffaarratti argama. Manchistar Siitiin yoo injifate morkii waancaa keessatti akka ittifufu isa taasisa. Tapha ligichaa shanan darbanitti kan hin mo’anne Nootingihaam Fooresti yoo injifatee , sadarkaa gad bu’insaa jalaa ooluuf morkii taasisu keessatti qabxii murteessaa sadii argamsiisaaf. Galgala sa’aatii 5:15tti Niwukaastil Yunaayitid Maanchistar Yuunaayitid waliin ni taphata. Niwuukaastil Yunaayitid qabxii 36n sadarkaa 13ffaarratti argama. Maanchistar Yunaayitida qabxii 51n sadarkaa 3ffaa qabateera. Niiwuukaastil itti fufinsaan yeroo lama erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Mancheester Yunaayitid deemsa gaarii kanaan itti fufuu fi dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti morkiisaa cimsachuuf qabxii sadii argachuun murteessaadha. Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti Astonviilaan chelsii waliin galgala sa’aatii 4:30tti ni taphatu. Astonviilaan qabxii 51n sadarkaa 4ffaarra jira, Chelsiin qabxii 45n sadarkaa 6ffaa qabateera. Shaapiyonsi liigichaan hirmaachuuf gareewwan lamaan morkii cimaa gaggeessu. Fulhaam weestihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Kiravan koteejitti taphasaanii gaggeessu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Gujiitti biqiltuuwwan hongee dandamatanii fi Faayidaa Diinagdee qaban qophaa’aa jiru
Mar 11, 2026 78
Bitootessa 2/2018 (ENA)– Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana hojjetamaniif biqiltuuwwan hongee fi mancaatii bosonaa itti fufinsaan dandamatan qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waajjirichatti Dursaan Garee Qabeenyaa Uumamaa Wandoo Sharbootee ENA’f akka ibsanitti, godinichatti biqiltuun buufataalee biqiltuuu 170 ol keessatti qophaa’aa akka jiruu fi hanga ammaatti Biqiltuuwwan Miiliyoona 89 tuqaa 3 qophaa’aniiru jedhaniiru. Qaama Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan ta’e qophiin biqiltuu haala qilleensa Godina Gujii Baddaa, Gammoojjii fi baddadaree kan gidduugaleeffate ta’uu ibsaniiru. Sanyiiwwan biqiltuu dhaabbiif qophaa’an keessaa, Gaattiraa, Giraaviiliyaa, Ejersa, Waddeessa Bakkanniisaa fi kanneen biroon akka keessatti argaman eeraniiru. Akkasumas biqiltuuwwan miidhagina magaalaa, nyaata beelladaaf, soorataaf oolanii fi Faayidaa Diiinagdee kan qaban kanneen akka Avokaadoo, Maangoo, Muuzii, Gishxaa fi kanneen biroon qophaa’aa jiraachuu himaniiru. Biqiltuuwwan kana misoomsuu fi bu’aa qabeessa taasisuuf tuttuqaa namaa fi beelladaarraa lafti hektaarri kuma 21 fi 340 ol qophaa’uusaa hubachiisaniiru. Ganna dhufu hojii biqiltuu dhaabbii gaggeeffamurratti uummata kuma 205 ol hirmaachisuuf hojiin dadammaqsaa fi hubannaa uumuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan Ikooloojii naannichaa bu’uura godhatan qophaa’aa jiru
Mar 4, 2026 165
Guraandhala 25/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban Ikooloojii naannicha bu’uura godhatanii qophaa’aa jiraachuu waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Hagayya bara 2011 Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalamuunsaa ni yaadatama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, buuftaalee biqiltuu 11 Godinicha keessa jiran keessatti biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabbatan qophaa’aa jiru. Buufanni biqiltuu kunneen duula Ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan sanyii adda addaa biqilchuun dhiheessuurratti qoodni bahaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 284 ol qopheessuuf karoorfamee biqiltuuwwan miiliyoona 241 ol biqilchuun hojjetamuu eeraniiru. Qophiin biqiltuu kun hedduuminan sanyiiwwan biqiltuu jijjiirama haala qilleensa to’achuuf gargaaran xiyyeeffannoon kan itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataan Faayidaa Dinagdee qonnaan bulaa kan argamsiisuu fi soorataaf kan oolan biqiltuuwwan muduraalee miiliyoona 26 tuqaa 7 kan of keessatti hammate qophaa’uu dubbataniiru. Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa haala Ikooloojii nannichaa gidduugaleeffachuun kan raawwatamu ta’uu eeruun Godinichatti waggoottan darban biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbantaa 85n ol qabachuusaa beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatan tuttuqqaa namaa fi beelladaarraa eeguun kunuunsamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana karoora qabame milkeessuuf boolla biqiltuun keessa dhaabbamu qotamee qophaa’uu beeksisaniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti hangi rooba Arfaasaa fi facaatiin isaa cimee itti fufa
Mar 3, 2026 162
Guraandhala 24/2018 (ENA): Guyyoota kurnan itti aananii dhufan keessatti naannoolee midhaan Arfaasaa itti misoomsan keessatti hangi roobaa fi facaatiin isaa haalaan akka dabalu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Itti aanaan Daarektara Olaanaa Damee Raaga Meetirooloojii, Tajaajila Gorsaa fi Qorannoo Inistiitiyuutichaa Dr. Asaaminawu Tashoomaa ENA’tti akka himanitti, Raagaan tilmaama akka agarsiisutti haalli meetirooloojii roobaaf mijatu dabalaa jira jedhani. Raabsiin roobaa kun Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa (naannoowwan waqtii rooba isaanii argatan), gammoojjii sululuwwan qinxamaa jiran, kutaalee giddu galeessaa fi Kibba Lixa biyyattii, naannoo Bahaa fi Kaaba Bahaa kan uwwisu ta’uu ibsaniiru. Naannolee kanneenitti roobn salphaa hanga giddu galeessaa kan eegamu yoo ta’u, naannoolee irra caalaan rooba idilee hanga idilee ol kan roobu ta’a. Kana malees darbee darbee rooba cimaan ni rooba jedhame. Fooyya’iinsi roobaa kun keessumaa qonnaan bultoota midhaan Arfaasaa misoomsaniif faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Roobni kunis midhaan yeroo Arfaasaa facaafamuuf barbaachisaa ta’uu himaniiru. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo hanqina bishaanii jiran bishaan roobaa walitti qabuun kuusuun gara fuulduraatti akka itti fayyadamaniif yaada dhiyeessaniiru. Akkasumas roobni yeroo Arfaasaa roobu guyyoota kurnan dhufan keessatti bishaan dirra lafaa fi bishaan kuufamaa adda addaa keessatti akka dabalu himaniiru. Haaluma kanaan, Omoo Gibee, sulula gammoojjii, Awaash Gubbaa fi Giddugaleessaa, Abaay Giddugaleessaa fi Gadii, Gannaalee Dawaa fi Waabee Shabalee jiidhina fooyya’aa ni argatu jedhamee eegama jedhan. Kunis kuufama bishaanii uumamaa fi namtolchee fayyadamuun bishaan isaanii akka dabalu himaniiru. Kanumaan walqabatee ho'i guyyaa olka'aan kutaalee biyyattii tokko tokkotti akka itti fufu ibsaniiru. Ragaan tilmaama akka agarsiisutti naannoolee Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Benishaangul Gumuuzii fi Amaaraa Lixaatti ho’i guyyaa ol’aanaan digrii seentigireedii 33 hanga 37.2 ni ga’a jedhamee eegama.
Labsiin Bulchiinsaa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraan 1383/2017 “gosoota pilaastikaa hunda” guutummaatti dhorkaa?
Feb 28, 2026 250
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraa 1383/2017 kan faalama pilaastikaa hir’isuu fi nageenya naannoo mirkaneessuuf kaayyeffate hojiirra oolchuun isaa ni beekama. Haa ta'u maleeerga labsiin kun bahee hordofuun filannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoon dogoggoraa bal'inaan tamsa'aa jira. Kanaaf odeeffannoon dogoggorsiisaan ijoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan tamsa’aa jiru adda baafamee jira; akkasumas odeeffannoon labsii, ibsa hoggantootaa fi ibsa qaama dhimmi ilaallatu wajjin wal bira qabuun mirkanaa’eera. Odeeffannoo dogoggoraa: "Pilaastikiin kamiyyuu yeroo tokko qofaaf tajaajila kennan, akka hin oomishamne; akka biyya hin seenne akkasumasa akka hin gurguramne guutummaan guutuutti dhokameera.’’ Dhugaansaa: Labsichi pilaastika yeroo tokkotti fayyadan hunda hin dhorkine. Akka labsichaatti "boorsaa pilaastikii haphii (feestaala)" yeroo tokkotti fayyadamuu qofatu guutummaatti dhorkaadha. Akkuma Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo Lakk.1383/2017 ifatti ibsutti; "Qajeelfama oomisha, galtee ykn itti fayyadama pilaastikaa yeroo tokkotti fayyadamu baasuu danda'a." Kana jechuun pilaastikoonni akka barbaachisummaa isaatti hayyamaman jiru jechuudha. Dhimma kana ilaalchisee Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo fuula miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen, meeshaaleen akka hin faalamne ykn wantoota biroo waliin akka hin makamneef qadaada pilaastikaa akka fayyadamu; akkasumas pilaastika nyaataaf, baaltinnaaf, tajaajila uffata miiccaa(laawundariif) fi oomishaalee biroo saamsuuf kan oolu labsii kanaan akka hayyamamu mirkaneesseera. Haalli qabinsaa fi gatinsa pilaastikoota kanaa qajeelfama gara fuula duraatiin kan bulfamu ta’a. Kana malees, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Leellisee Namee ibsa ENA’f kennaniin, Labsichi oomishaalee pilaastikaa guutummaatti akka hin dhorkine ifatti ibsaaniiru. Odeeffannoo dogoggoraa: "Labsii kana raawwachuu fi raawwachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo qofa." Dhugaa: Labsii kana raawwachiisuuf itti gaafatamummaa dhumaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi waajjiraalee eegumsa naannoo naannichaaf kennamee dhugaa ta’ee osoo jiruu, hojiin raawwachiisummaa garuu abbaa taayiticha qofaan kan hojjetamu miti. Seerri kun lafarratti yeroo hojiirra oolu poolisii fi qaamoleen seera kabachiisan kanneen seeraan ala boorsaa pilaastikaa oomishanii, galchanii fi itti fayyadaman irratti hordofanii tarkaanfii raawwachiisummaa kan fudhatan ta’uu Daarektarri Olaantuun kuni ibsaniiru. Kanaaf ummannii fi hawaasni daldalaa hojii raawwachiisummaas qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisaniin kan raawwatamu ta’uu hubachuu qabu. Ummanni odeeffannoo hin mirkanoofnee fi dogoggorsiisaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’u fudhachuu irraa akka of qusatuu fi qajeelfama itti fayyadama pilaastikaa kallattiin fuula abbaa taayitichaa irraa fi maddoota amanamoo irraa qofa akka argatu gorsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2343
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10534
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.