Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti Qonna Ganna dhufuun lafti heektaara miiliyoona 1.5 ruuziidhaan misooma
May 18, 2026 35
Caamsaa 10/2018 (ENA): Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qonna Ganna dhufuun lafti heektaara miiliyoona 1.5 ruuziidhaan akka misoomu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaa turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, naannichi haala mijaa’aa misooma ruuziitiif qabu fayyadamuun bu’aan qabatamaan mul’achaa jira jedhani. Naannichatti bara omishaa 2014/15tti lafa heektaara kuma 100 irratti kan eegalame misoomni ruuzii amma guddinaan olaanaa irra jiraachuun, fayyadamummaa diinagdee ummataa mirkaneessaa jira jedhan. Misoomni ruuzii kun keessumaa Godina Lixa Oromiyaa keessatti bal’inaan hojjetamaa akka jirus eeraniiru. Bara darbe lafa heektaara miiliyoona 1.2 irraa ruuziin kuntaala miiliyoona 63 kan oomishame yoo ta’u, bara omishaa 2018/19tti lafa heektaara miiliyoona 1.5 misoomsuun kuntaala miiliyoona 100 oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru. Naannichatti naannoowwan misooma ruuziitiif mijatoo ta’an qorannoodhaan adda baafamuu fi jalqabbiin kunis guutummaatti hojiirra oolaa jira jedhaniiru. Xaa’oo fi sanyii fooyya’aa qonnaan bultootaaf barbaachisu yeroo ammaa baay’ina gahaa ta’een dhiyaachaa jiraachuu ibsuu,; deeggarsaafi hordoffiin ogummaas dhiyeenyaan taasifamaa jira jedhani. Qonnaan bultoonni ruuzii oomishanis wabii nyaataa isaanii mirkaneessuu bira darbee oomisha isaanii gabaaf dhiyeessuun faayidaa olaanaa argataniiru jedhan. Kaka’umsi qonnaan bultootaa naannoo misooma kanaa haalaan guddachaa dhufeera jedhan; ce’umsi teeknooloojii qonnaa ammayyaa babal’atee qonnaan bultoonnis misooma ruuzii irratti muuxannoo fooyya’aa horachaa jiraachuu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraan keenya Galaan guraatti kaa’ame Paarkii Idustiri qofaa osoo hin ta’iin Miidhagina naannawichaa fi jireenya jiraattotaa bu’uurarraa kan jijjiiredha
May 18, 2026 53
Caamsaa 10/2018(ENA)-Ashaaraan keenya Galaan Guraatti kaa’ame, paarkii industrii qofa osoo hin taane, miidhagina naannawichaa fi jireenya jiraattotaa guutummaatti bu’uurarraa kan jijjiiredha jechuun Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Ergaan guutuun Kantiibaa Adaanech Abeebee dabarsan akkaataa armaan gadiitiin dhiyaateera: Galaan Guraa Ashaaraa Badhaadhinaa! Bal'innii fi gadi fageenyi Imala badhaadhina magaalaa keenyaa kan madaalamu, handhuura magaalaa qofa miidhagsuun osoo hin taane, qabeenya fi naannolee kaleessa haala gaariin hin fayyadamin ija keenya bannee ilaaluun, wiirtuu misoomaa fi guddinaa gochuus dabalateeti.   Waggaa 5 dura, Galaan Guraan bu'uuraalee misoomaa tokkollee kan keessatti hin argamne yoo ta'u, har'a garuu boqonnaan seenaa isaa jijjiiramee olka'insa misoomaa fi ce’umsa caasaa guutuu magaalaa keenyaa kan agarsiisu, wiirtuu walitti hidhaminsa dinagdee fi hawaasummaa ta'eera. Ashaaraan keenya har'a iddoo kanatti taa’e parkii industrii qofa osoo hin taane, bifa naannawichaa fi jireenya jiraattotaa guutummaatti bu’urarraa kan jijjiiredha. Akka fakkeenyaatti- 1/ Finfinneetti Riqicha ammayyaa jalqabaa fi isa guddaa ta'e, kan dheerina meetira 325 fi bal'ina meetira 60 qabu,   2/ Bu'uura misooma daandii ammayyaa kan koridarii daldala Itiyoophiyaa ariifachiisee fi kallattiin Kaargoo Daandii Xayyaaraa waliin walitti hidhu, kan dheerina kiilomeetira 21.73 qabu (daandii marfata Qallittii - Tulluu Diimtuu fi daandii marfata Qallittii - Addababayii Qilinxoo). 3/ Rakkoo dhiyeessii manneen jireenyaa magaalaa keenyaa furuu, ijaarsa manneen jireenyaa waliinii kuma 60 kan magaalaa haaraa ijaaruun wal qixxaatudha. 4/ Ijaarsi jiraattota keenyaa Kaazaanchisirraa sababa misoomaatiin ka’aniif, ganda jireenyaa ammayyaa, mijataa fi walitti qindaa'e ijaaramuun kan keessatti argamu, 5/ Fayyaa hawaasa keenyaa sadarkaa ol'aanaaniin eeguuf, ijaarsa Hospitaala Tiruwaamaa Galaan magaalattii keessatti guddinnaan isaa jalqabaa ta'e, 6/ Qonnaan bultoota bakka sanaa misooma kanaaf jecha lafa qonnaaf itti fayyadamaa turan nuuf gadhiisaniif, ijaarsa wiirtuu ga’ooma qonnaa ammayyaa fi qindeessaa, 7/ Iddoowwan magariisaa fi paarkota bal'oo miira haaromsan, 8/ Iddoowwan ispoortii fi tapha daa’immanii, ijaarsa Warshaa buddeenaa haadhotiif carraa hojii bal'aa uumuu fi kkf mallattoon ashaaraa badhaadhinaa calaqqisanii naannicha handhuura magaalaarra caalaa filatamaa taasisaniiru.
Sababa qabeessummaan adeemsa nageenya ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamuuf gahee olaanaa qaba
May 18, 2026 71
Caamsaa 10/2018 (ENA): Biyya tokko keessatti adeemsa nagaa ijaaruu fi marii keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa akka qabu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise. Adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti sababa qabeessummaan akkamiin ilaalamaa jira? Adeemsa nagaa ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamu keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa qaba. Labsii hundeeffama Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti qajeeltoowwan marii biyyaalessaa keessaa tokko sababa qabeessummaa ta’uun isaa ni beekama. Gama kanaan adeemsa marii keessatti yaad-rimeen kun akkamitti hojiirra oolaa akka jiru beekuun barbaachisaadha. Haala marii biyyaalessaa keessatti, sababa qabeessummaan qajeelfama naamusaa ijoo ta’ee fi marii gaggeessuu fi murtii sababaa kennuu, ragaa irratti hundaa’uun, yaada miiraan hogganamu irraa bilisa ta’uu, loogii dhiisuu fi yaada jibbinsaa irraa bilisa ta’ee murteessuuf gargaarudha. Kunis fedhii gaarii lammiileen rakkoo biyya isaaniitiif furmaata waloo akka argatan cimsa. Kana yaada keessa galchuun yaadonni armaan gadii adeemsa marii biyyaalessaa keessatti akkamitti sababa qabeessummaa hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsu. 1. Sababaa fi ragaa irratti hundaa’uun Adeemsa kana keessatti lammiileen fi qooda fudhattoonni haala miiraa fi jibba irraa bilisa ta’een marii irratti hirmaatu. Kunis haala marii nagaa taasisuu danda’a. 2. Loogii fi haqummaa irratti kan hundaa’e Adeemsi marii biyyaalessaa hubannoo qabu marii madaalawaa ta’eef haala mijeessuu qofa osoo hin taane qooda fudhattoonni hundi sagalee isaanii walqixa akka dhaga’amuuf balbala bana. 3. Walqixxummaa namoota hundaatti amanu jajjabeessuu Ilmi namaa rakkoo waloo isaa irratti yeroo mari’atu adeemsi marii biyyaalessaa biyya keenya keessatti gaggeeffamaa jiru walqixxummaa fi eenyummaa uumamaan dhala namaa kabajuun gaggeeffamaa jira. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Waltajjiin Foramii Raaga Haala Qilleensaa Riijinichaa Finfinneetti gaggeeffama
May 18, 2026 74
Caamsaa 10/2018(ENA)-Waltajjiin Foramiin Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afriikaa Guddichaa 73ffaan (GHACOF 73) har'a Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegala. Foramichi mata duree "Tajaajiloota haala qilleensaa, dandamannaa fi Guddina fulla’aaf" jedhuun gaggeeffama. IGAD waltajjii Raagaa fi gidduugala hojirra oolmaa haala qilleensaa (ICPAC) tumsa michoota misoomaa waliin ta'uun qopheessuunsaa ibsameera. Waltajjii kanaan, raaga haala qilleensaa kennuu qofa osoo hin taane, raagawwan kana gara hojiitti jijjiiruu fi dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan akeekkachiisa dursaa fi qophii dursaa jabeessuu irratti xiyyeeffatama. Odeeffannoo IGAD ENA’f erge akka mul’isutti, odeeffannoo haala qilleensaa Qonnaan bultoonni, ogeessota fayyaa fi hoggantoota ittisa balaa akka deeggaru gochuu danda'an irratti mariin ni taasifama. Walta'iinsa dhaabbata raaga haala qilleensaa biyyaalessaa gidduu jiru cimsuun ajandaa marii isa tokkodha. Waltajjii kanarratti raaga roobaa ji'oota dhufanii, jechuunis akka lakkoofsa Awurooppaatti Waxabajjii hanga Fulbaanaa 2026 jiru, kan misooma qonnaa fi qabeenya bishaanii Gaanfa Afrikaaf murteessaa ta'e ni dhiyaata. Ministiroonni, dhaabbileen qorannoo, dhaabbileen namoomaa, dhaabbileen hawaasa siivilii fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa ni hirmaatu. Hirmaannaan gama kanaan jiru saayinsii fi imaammata walitti hidhuuf kan kaayyeffatedha. IGAD akka jedhetti, jijjiiramni haala qilleensaa sodaa fagoo osoo hin taane balaa qabatamaa balbala keenya jirudha jechuun, fooramiin kunis hawaasni Gaanfa Afrikaa odeeffannoo gahaa akka argatanii fi dursanii akka qophaa'an dandeessisuu irratti Kan xiyyeeffate ta’uu hubachiiseera. Xumura fooramichaa irrattis ibsi ejjennoo waliinii ni ba’a jedhameetu eeggama. Ibsi waliinii kunis hojiiwwan akeekkachiisa dursaa fi ijaarsa dandeettii dandamannaa hawaasaa gara fuulduraatiif akka galtee ijoo ta'ee akka tajaajilu hubatameera. Gara waltajjii isa guddaatti osoo hin seenamiin dura, qaama dhimmi ilaallatu waliin mariin toora intarneetii (online) fi workishoppiin misooma raaga haala qilleensaa taasifameera. Fooramiin riijinii kun hanga boruutti kan turu ta'a. Waltajjiin foramii Haala Qilleensaa Gaanfa Afriikaa Guddichaa 72ffaan (GHACOF 72) ji'a Amajjii 2018 keessa Keeniyaa, Naayiroobiitti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Kaardii fudhanneen paartii biyya guddisuuf hojjetu  filachuuf qophoofneerra
May 17, 2026 789
Caamsaa9/2018(ENA)- Jiraattonni Godina Jimmaa kaardii filannoo fudhataniin paartii biyya ni guddisa jedhan filachuuf guyyaa filannoo eeggachaa jiraachuu ibsan. Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa baaseetti, filannoon waliigalaa keessaa inni 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 guyyaa filannooti. Paartileen siyaasaas filannoowwan tarsiimoo (fooyya’aa) fi maanifeestoo isaanii yeroo qilleensaa fi fuula gaazexaa bilisaan isaaniif kennametti fayyadamuun beeksisuu itti fufaniiru. Jiraattonni Godina Jimmaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, paartii siyaasaa nu fayyada jedhan filachuuf guyyaa filannoo hawwiin eeggachaa jiraachuusaanii dubbataniiru. Jiraattuun Godina Jimmaa Aanaa Omoo Naaddaa aadde Saaliyaa Yusuuf akka jedhanitti; Filannoon sagaleen carraa gara fuulduraa biyyaa murteessuuf kan gargaaru waan ta'eef, guyyaa sana paartii biyya ni guddisa jedhan filachuuf qophaa'aniiru. Jiraattonni kaardii filannoo fudhatan hundi guyyaa sana ba'anii paartii amanan akka filatanii fi sagalee akka kennan dubbataniiru. Jiraataan biraa aanaa kanaan Obbo Mahaammad Sheek Kadir gama isaaniitiin; Kaardii filannoo fudhataniin paartii biyyaa fi uummataaf fayyada jedhan filachuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru. Kunis mirga isaanii kan heerarra jiru ta'uu hubatanii warra kaanis hubachiisaa akka jiran eeraniiru. Jiraataan Magaalaa Jimmaa dargaggoon Wandasan Asaffaa filannoon bu'uura deemokiraasii kan kaa'uu fi carraa gara fuulduraa biyyattii karaa deemokiraatawaa ta'een murteessuuf kan gargaaru waan ta'eef, guyyaa sana hawwiin eeggachaa akka jiru ibseera. Kan malees, lammiin hundi sagantaa boordiin filannoo biyyoolessaa baase bu'uureffachuun guyyaa sana sagalee isaa akka kennu waamicha dhiyeessera.
Hojiiwwan misooma waliigalaa mirkaneessuuf Godina Harargee Lixaatti eegalaman ni cimsamu
May 17, 2026 437
Caamsaa9/2018(ENA)-Godina Harargee lixaatti badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf Hojiiwwan paartii Badhaadhiinsaatiin eegalaman caalaatti ni cimsamu jechuun Bulchiituun Godinichaa Aadde Ikiraam Xahaa beeksisan. Sagantaan duula na filadhaa paartichaa har'a sadarkaa godinaatti magaalaa Cirootti gaggeeffameera. Saganticharratti kan argaman Bulchiituun Olantuun Godinichaa fi miseensa mana maree paartichaa Aadde Ikiraam Xahaa akka ibsanitti; paartichi guddina dinagdeetiif bu'uura cimaa kaa'uun ibsaan badhaadhinaa akka ifu godheera. Fakkeenyaaf, waggoottan darban keessa Godina Harargee lixaa qofatti dhaabbilee fayyaa 108 fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa5 ijaaruun hawaasa fayyadamaa bu'uuraalee misoomaa gochuun akka danda'ame eeraniiru. Paartichi waggoottan shanan dhufan keessatti mul'ata ifa ta'e qabatee hojjechaa akka jiru kan ibsan Bulchiituun kun; baadiyaa fi magaalaatti pirojektoota adda addaa lammiilee hiyyummaa keessaa baasan bocuun bu'aan gaariin galmeeffamuu fi gara fuulduraattis milkaa’inni kun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Saganticharratti kan argaman Hoggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gama isaaniitiin; Paartiin Badhaadhiinsaa waadaa seene gara hojiitti jijjiiruun waggoottan darban keessa hojii misoomaa qabatamaa ta'an raawwachuu isaa dubbataniiru. Paartichi seenessa dogoggoraa maddeen garaagarummaa kan turan gara seenaassa walootti jijjiiruun tokkummaa sabootaatiif hojiiwwan gurguddoo hojjechuu isaa kan ibsan Aadde Masarat; sabootaa fi sablammoota gidduutti hirmaannaa siyaasaa wal-qixa mirkaneessuu bira darbee, lammiilee gidduutti fayyadamummaa haqa qabeessa babal'isuuf yoomiyyuu caalaa dhimmuun akka hojjetu hubachiisaniiru.   Miseensonni paartichaa fi jiraattonni magaalaa hiriira deeggarsaa kanarratti hirmaatan yaada kennaniin; Paartiin Badhaadhiinsaa pirojektoota gurguddoo jalqabe xumuruun waadaa isaa gochaan agarsiisuu danda'uusaa kaasaniiru. Keessattuu, magaalota keessatti hojiin misooma koriideraa hojjetaman miidhagina magaalaa saffisaan jijjiiruu bira darbee, aadaa hojii haaraa gabbisuuf gumaacha guddaa taasisuu isaa ibsaniiru. Paartichi waggoottan shanan darban keessa damee qonnaatiin hojiiwwan hojjete qonnaan bulaa fayyadamaa misoomaa kallattii gochuun jireenya isaa akka jijjiiru gargaareera jedhaniiru. Keessattuu, misooma qamadii bonaatiin hojiin seena-qabeessi hojjetamaa jiru oomishtummaa sadarkaa olaanaan dabaluu bira darbee, galii qonnaan bulaa guddisuusaa eeraniiru. Sagantaa duula na filadhaa magaalaa Ciroo keessatti gaggeeffame kanarratti miseensonni paartichaa, deeggartonni fi jiraattonni magaalichaa baay'een aanaalee godinichaa adda addaa irraa walitti babahan argamaniiru.
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha
May 16, 2026 1069
Caamsaa 8/2018(ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha jechuun ibse tajaajilli komunikeeshinii mootummaa. Ergaan guutuun tajaajilli komunikeeshinii mootummaa baase akka argaan gadiitti dhihaateera. Itiyoophiyaan mari’achaa jirti!! Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha. Komishiniin marii biyyaalessaa naannolee garagaraatti bakka bu’oota filatee xumuruun akkasumas ajandaawwan marii biyyaalessaaf ta’an bal’inaan walitti qabuun, hojiiwwan mariin duraa hammataa fi walii galtee egereef ta’u raawwateera. Komishinichi bakka bu’oota hawaasaa sadarkaawwan bulchiinsaa biyyattii hundatti adda baafachuuf hojii hojjeteen kutaaleen hawaasaa garagaraa, abbootiin amantaa, paartileen siyaasaa, waldaaleen siviikii fi waldaaleen ogummaa garagaraa dammaqinaan akka hirmaatan gochuun adeemsichi hammataa fi bu’ura hawaasaa kan qabu akka ta’u godhameera. Hojiin kun mootummaan milkaa’ina marichaaf xiyyeeffannoo taasisee fi miira abbummaa lammiilee qabatamaan kan mirkaneesse yoo ta’u, walii galteen biyyaalessaa egeree akka uumamu bu’ura kaa’eera. Ajandaa walitti qabameen bu’aaleen qabatamaa kan galmaa’an yoo ta’u dhimmoonni biyyaalessaa ariifachiisaan baroota dheeraaf wal falmisiisaa turan gara mariitti akka dhufan godheera. Adeemsi kun mootummaan aadaa siyaasaa biyyattii keessatti sirna paartii heddumminaa fi mariin karaa nagaa akka dursu ejjennoo cimaa qabu qabatamaan kan itti agarsiisedha. Adeemsa marii Kanaan paartileen siyaasaa 50 caalan akka itti hirmaatanii fi ajandaasaanii akka dhiheeffatan tattaaffiin taasifame milkaa’ina hammattummaa marichaa wantoota agarsiisan keessaa adda dureedha. Komishinichi humnoonni siyaasaa waltajjii waloomaan itti mari’atan mijeessuun, qaamoleen Kanaan dura ija diinaan wal ilaalan galma tokko keessatti dhimmoota biyyaalessaarratti akka mari’atan godheera. Bu’aan kun adeemsa ijaarsa sirna demokiraasii keessatti “aadaa wal dhaggeeffachuu” gabbisuun akka boqonnaa guddaatti kan fudhatamu yoo ta’u garaagarummaa olaantummaa yaadaatiin furuuf kan gargaaru jalqabbii abdii qabeessa ta’uun galmaa’eera. Hojiiwwan adeemsa marichaa amma ammaatiin hojiiwwan qabatamaan hojjetamanii fi milkaa’inoonni argaman Itiyoophiyaan rakkinootashee caaseffamaa kan turan fulla’insaan furuu fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaa mirkaneessuuf imala itti jirtu kan si’achiisanidha.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Argamanitti Gabaasa Raawwii Dhiheesse
May 15, 2026 964
Caamsaa 7/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa gabaasa raawwii isaa ganama har’aa bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad, qondaaltonni olaanoo federaalaa fi naannoo, akkasumas miseensonni koree dhaabbii mana maree bakka bu’oota ummatootaa argamanitti dhiheesseera.   Komishinichi hojiiwwan gurguddoo hanga ammaatti raawwate, qormaata isa mudatee fi furmaata inni kenne dhiyeessuun, akkasumas adeemsichi haala gaariin akka adeemsifamuuf gahee qooda fudhattoota irraa eegamus ibseera. Bu’aawwan ijoo hanga ammaatti galmaa’an keessaa adeemsi marii hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’e akka raawwatame gabaasichi ibseera. Kana malees, adeemsi ajandaa walitti qabuu fi marii biyyattii dhibbeentaa 93 kan uwwifamee fi aanaalee kuma 1 fi 234 keessatti raawwatame milkaa’inaan xumuramuu isaa hubatameera. Gama biraatiin, komishinichi marii marsaa 22 qooda fudhattoota adda addaa waliin taasisus, haala mijataa hin taane irraa kan ka’e aanaalee naannoo Tigraay keessatti marii gaggeessuu akka hin dandeenye komishinichi ibseera. Qormaata kanaaf deebii kennuudhaan qooda fudhattoonni naannoo Tigraay hunda irraa dhufanii fi dhalattoonni naannichaa godinaalee adda addaa irraa Finfinneetti waamuun ajandaa irratti mari’achuu beeksiseera. Komishinichi marii kana marsaa itti aanutti hojiiwwan hojjatus bal’inaan ibseera. Kanneen ijoon hirmaannaa qooda fudhattoota siyaasaa cimsuu, ajandaa marii biyyaalessaa bocuu fi konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuudha. Kana malees, hojiiwwan bu’aa fi yaadonni sadarkaa biyyaatti irra ga’an hojiirra oolchuuf haala mijeessuun hojii isaa gara fuula duraa keessatti hammatamuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Kaardii Filannoo fudhanneen Paartii misoomaa fi guddina biyyaaf ni fayyada jennu filachuuf qophoofneerra
May 14, 2026 1063
Caamsaa 6/2018(ENA): Jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENAf kennan akka jedhanitti, filannoo biyyaalessa 7ffaaf kaardii filannoo fudhatanitti fayyadamanii, paartii siyaasaa misoomaa fi guddina biyyaaf ni fayyada jedhaniif sagalee kennuuf qophii ta'uu isaanii dubbataniiru. Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin kaa'ametti, filattoonni Caamsaa 24 bara 2018 sagalee isaanii ni kennu. Galmeen filattoota filannoo biyyaalessa 7ffaa baranaa Guraandhala 28 hanga Bitootessa 28 bara 2018 kan gaggeeffame yoo ta'u, guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin hanga Ebla 14 bara 2018tti akka dheeratu taasifamee xumurameera. Sagantaa kaa'ameen, namoota biyya keessatti buqqa'anii kaardii filannoo hin fudhatiin, Barattoota Yuunivarsiitii keessatti argamanii fi miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa kaampii keessa jiraniif haala addaatiin hanga Ebla 24 bara 2018tti dheerachuun xumurameera. Filattoonni appilikeeshinii dijiitaalaa "mircaayee" jedhamuu fi buufata filannootti qaamaan dhiyaachuun, filattoonni miiliyoona 50 fi 514 ol sagalee kennuu kan dandeessisu kaardii filannoo fudhachuu danda'aniiru. Filannoo biyyaalessa 7ffaa kanaan paartileen siyaasaa morkattootaa 47 ta’an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934 galmeessisuun, miidiyaaleen fayyadamanii yaada filannoo imaammata isaanii uummataaf beeksisaa jiru. Dhaabbileen biyya keessaa 55 Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa beekamtii taajjabbii filannoo argatan, kutaalee biyyaa adda addaatti bakka bu'oota kuma 60 fi 277 ol bobbaasaniiru. Dhaabbileen Hawaasa siivilii 169 beekamtii qabanis uummata filataaf barnootaa fi leenjii hubannoo uumuu adda addaa kennaa jiru. Jiraattonni Magaalaa Finfinnee filannoo biyyaalessa 7ffaaf galmaa'anii kaardii fudhatan ENA’f akka ibsanitti; paartii biyyaa fi uummataaf ni fayyada jedhan filachuuf qophii ta'uu isaanii dubbataniiru. Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an Obbo Warquu Fiqaaduu, kaardii filannoo fudhachuu irraa eegalee guyyaa filannoo sanas hawwiin eeggachaa akka jiran ibsaniiru. Yaada kennituun biraa Iyyerusaalam Haragawayin gama isaaniitiin, kaardii filannoo isaaniitiin paartii misoomaa fi guddina biyyaa dhugoomsuuf hojjetuuf sagalee isaanii kennuuf qophaa'uu dubbataniiru. Haaluma walfakaatuun, Leellisaa Gaaddisaas kaardii filannoo fudhachuun paartii biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf guyyaa sagalee kennuuf eeggachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Adeemsi filannoos haqa-qabeessa, bilisa, deemokiraatawaa fi nagaadhaan akka xumuramuuf gumaacha isaanii akka gumaachan ibsaniiru. Jiraataan magaalattii Obbo Wadaaree Gabratsaadiq akka jedhanitti , filannoon ijaarsa mootummaa cimaadhaaf murteessaa ta’uu eeranii, filannoo biyyaalessa 7ffaa irratti sagalee kennuuf qophii barbaachisaa gochuu isaanii dubbataniiru. Obbo Dirribsaa Xurunaa gama isaaniitiin, filannoon mirga uumamaa fi dimookiraasii filachuu fi filatamuun mirkanaa’uuf waltajjii murteessaa waan ta’eef filachuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru. Filannoo biyyaalessa 7ffaa kanaan paartii nageenya, misoomaa fi guddina biyyaa mirkaneessuuf hojjetuuf sagalee kennuuf dursanii qophaa'uu isaanii kan dubbatan ammoo Obbo Tashoomaa Asfaawu dha.
Imaammanni qorannoo fi beekumsa irratti hundaa’e badhaadhina Itiyoophiyaatiif faayidaa ol’aanaa qaba - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
May 13, 2026 1484
Caamsaa 5/2018(ENA): Imaammanni qorannoo fi beekumsa irratti hundaa’e badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf faayidaa ol’aanaa akka qabu Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Waltajjiin guyyaa imaammataa biyyaalessaa yeroo jalqabaatiif mata-duree "odeeffannoo gahumsaaf , gahee imaammataa Itiyoophiyaa badhaateef" jedhuun gaggeeffameera. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa waltajjii kanarratti haasawaa taasisaniin, imaammanni ragaa irratti hundaa’ee qophaa’u badhaadhina biyyaatiif gahee murteessaa qabaachuu isaa irratti xiyyeeffannoo kennaniiru. Biyyoonni milkaa’an damee industirii fi bu’uraalee misoomaa qofa irratti osoo hin taane, beekumsa, qorannoo fi yaada tarsiimawaa irratti akka jabaatanii hojjetan ibsaniiru. Imaammanni ibsituu deemsa biyyaalessaa hunda-galeessaa ta’uu isaa eeranii; Inistiitiyuutiin Qo’annoo Imaammataa beekumsaa fi hojii gidduutti akka riqichaatti tajaajiluun "mootora sagalee hin qabne" misooma biyyaalessaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa Itiyoophiyaan ce’umsa olaanaa keessa akka jirtu ibsuun, qo’annoo fi Qophii Imaammataa keessatti dhimmoota ijoo xiyyeeffannoon irratti kennamuu qaban eeraniiru. Isaanis, dhimmoota jijjiirama qilleensaa fi misooma magariisaa, Bulchiinsa Dinagdee Gooroo fi ce’umsa caasaa, Ce’umsa teeknoolojii fi tiraanisfoormeeshinii dijiitaalaa, Carraa hojii dargaggootaa uumuu fi oomishaalee qonnaa gara daldalaatti ceessisuu, Waliitti hidhamiinsa naannawaa fi dhiibbaalee Daldala Idil-Addunyaa fa’i jedhaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa akka jedhanitti, imaammanni meeshaa qabatamaa jireenya lammiilee bocu yoo ta’u, carraaleen akkamitti akka uumaman kan imaammata murteessudha. Mootummaan dhaabbilee barnoota ol’aanaa, damee dhuunfaa fi dhaabbilee sivikii gidduutti walitti dhufeenyi jabaan akka jiraatu kan gaafatan Itti Aanaan Ministira Muummee; mootummaan "ida’amuu" yaadaa fi ilaalchaaf bakka addaa akka kennu mirkaneessaniiru. Inistiitiyuutiin Qo’annoo Imaammataa riqicha amantaa uummataa fi mootummaa ijaaru ta’ee akka tajaajilus dhaamaniiru. Deemsi badhaadhina Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee beekumsa itti fufiinsa qabu irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu ibsaniiru. Gorsitoota imaammataa, dhaabbilee barnoota ol’aanaa, damee dhuunfaa fi dhaabbilee sivikii gidduutti imaammata qulqullina qabu uumuuf deeggarsi jabaan akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.

Hawaasummaa
Sababa qabeessummaan adeemsa nageenya ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamuuf gahee olaanaa qaba
May 18, 2026 71
Caamsaa 10/2018 (ENA): Biyya tokko keessatti adeemsa nagaa ijaaruu fi marii keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa akka qabu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise. Adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti sababa qabeessummaan akkamiin ilaalamaa jira? Adeemsa nagaa ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamu keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa qaba. Labsii hundeeffama Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti qajeeltoowwan marii biyyaalessaa keessaa tokko sababa qabeessummaa ta’uun isaa ni beekama. Gama kanaan adeemsa marii keessatti yaad-rimeen kun akkamitti hojiirra oolaa akka jiru beekuun barbaachisaadha. Haala marii biyyaalessaa keessatti, sababa qabeessummaan qajeelfama naamusaa ijoo ta’ee fi marii gaggeessuu fi murtii sababaa kennuu, ragaa irratti hundaa’uun, yaada miiraan hogganamu irraa bilisa ta’uu, loogii dhiisuu fi yaada jibbinsaa irraa bilisa ta’ee murteessuuf gargaarudha. Kunis fedhii gaarii lammiileen rakkoo biyya isaaniitiif furmaata waloo akka argatan cimsa. Kana yaada keessa galchuun yaadonni armaan gadii adeemsa marii biyyaalessaa keessatti akkamitti sababa qabeessummaa hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsu. 1. Sababaa fi ragaa irratti hundaa’uun Adeemsa kana keessatti lammiileen fi qooda fudhattoonni haala miiraa fi jibba irraa bilisa ta’een marii irratti hirmaatu. Kunis haala marii nagaa taasisuu danda’a. 2. Loogii fi haqummaa irratti kan hundaa’e Adeemsi marii biyyaalessaa hubannoo qabu marii madaalawaa ta’eef haala mijeessuu qofa osoo hin taane qooda fudhattoonni hundi sagalee isaanii walqixa akka dhaga’amuuf balbala bana. 3. Walqixxummaa namoota hundaatti amanu jajjabeessuu Ilmi namaa rakkoo waloo isaa irratti yeroo mari’atu adeemsi marii biyyaalessaa biyya keenya keessatti gaggeeffamaa jiru walqixxummaa fi eenyummaa uumamaan dhala namaa kabajuun gaggeeffamaa jira. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Raayyaan nageenyaa Caasaalee nageenyaa waliin  qindoomee  hojjechuun  Nageenya  magaalittii  Amansiisaa  gochuun  danda’ameera
May 17, 2026 274
Caamsaa 9/2018 (ENA)- Gurmaa’insi raayyaa nageenyaa Caasaalee nageenyaa waliin qindoomanii hojjechuusaaniitiin nagaa fi tasgabbiin magaalittii amansiisaa gochuun akka danda'ame Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa ibsan. Biirroon Bulchiinsaaa fi Nagageenyaa Magaalaa Finfinnee miseensota raayyaa Nagaa kutaa magaalaa 11 irraa walitti babba'anii fi leenjii gochaa fi yaada-rimee koorsii 7 irratti fudhatan eebbisiisaa jira. Hoggantuun Biirroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa wayita sana akka jedhanitti, milkaa'ina hojiiwwan misoomaa adda addaa magaalaa guddittii keessatti raawwatamaniif nagaan murteessaadha. Kanaanis, uummata abbaa nagaa gochuun, yakka dursee ittisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti hojiin bal'aan hojjetamuu isaa dubbataniiru.   Gurmaa’insi raayyaa Nageenyaa caasaa nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuusaatiin magaalaattii keessatti nagaa amansiisaa mirkaneessuun akka danda'ame ibsaniiru. Bara baajataa 2018 keessa miseensota raayyaa Nageenyaa kuma 33 leenjisuuf karoorfamee, hanga ammaatti miseensota kuma 44 ol leenjisuun nagaa magaalittii eegsisaa turuu kaasaniiru. Har'as marsaa 7ffaan kutaa magaalaa 11 irraa walitti babba'anii fi leenjii gochaa fi yaada-rimee fudhatan miseensota raayyaa Nageenyaa kuma 12 fi 097 eebbisiisuu isaanii ibsaniiru. Fuuldurattis hirmaannaa uummataa fi hojii qindoominaa cimsuudhaan, nagaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf cimee akka fufu mirkaneessaniiru.
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti Qonna Ganna dhufuun lafti heektaara miiliyoona 1.5 ruuziidhaan misooma
May 18, 2026 35
Caamsaa 10/2018 (ENA): Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qonna Ganna dhufuun lafti heektaara miiliyoona 1.5 ruuziidhaan akka misoomu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaa turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, naannichi haala mijaa’aa misooma ruuziitiif qabu fayyadamuun bu’aan qabatamaan mul’achaa jira jedhani. Naannichatti bara omishaa 2014/15tti lafa heektaara kuma 100 irratti kan eegalame misoomni ruuzii amma guddinaan olaanaa irra jiraachuun, fayyadamummaa diinagdee ummataa mirkaneessaa jira jedhan. Misoomni ruuzii kun keessumaa Godina Lixa Oromiyaa keessatti bal’inaan hojjetamaa akka jirus eeraniiru. Bara darbe lafa heektaara miiliyoona 1.2 irraa ruuziin kuntaala miiliyoona 63 kan oomishame yoo ta’u, bara omishaa 2018/19tti lafa heektaara miiliyoona 1.5 misoomsuun kuntaala miiliyoona 100 oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru. Naannichatti naannoowwan misooma ruuziitiif mijatoo ta’an qorannoodhaan adda baafamuu fi jalqabbiin kunis guutummaatti hojiirra oolaa jira jedhaniiru. Xaa’oo fi sanyii fooyya’aa qonnaan bultootaaf barbaachisu yeroo ammaa baay’ina gahaa ta’een dhiyaachaa jiraachuu ibsuu,; deeggarsaafi hordoffiin ogummaas dhiyeenyaan taasifamaa jira jedhani. Qonnaan bultoonni ruuzii oomishanis wabii nyaataa isaanii mirkaneessuu bira darbee oomisha isaanii gabaaf dhiyeessuun faayidaa olaanaa argataniiru jedhan. Kaka’umsi qonnaan bultootaa naannoo misooma kanaa haalaan guddachaa dhufeera jedhan; ce’umsi teeknooloojii qonnaa ammayyaa babal’atee qonnaan bultoonnis misooma ruuzii irratti muuxannoo fooyya’aa horachaa jiraachuu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraan keenya Galaan guraatti kaa’ame Paarkii Idustiri qofaa osoo hin ta’iin Miidhagina naannawichaa fi jireenya jiraattotaa bu’uurarraa kan jijjiiredha
May 18, 2026 53
Caamsaa 10/2018(ENA)-Ashaaraan keenya Galaan Guraatti kaa’ame, paarkii industrii qofa osoo hin taane, miidhagina naannawichaa fi jireenya jiraattotaa guutummaatti bu’uurarraa kan jijjiiredha jechuun Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Ergaan guutuun Kantiibaa Adaanech Abeebee dabarsan akkaataa armaan gadiitiin dhiyaateera: Galaan Guraa Ashaaraa Badhaadhinaa! Bal'innii fi gadi fageenyi Imala badhaadhina magaalaa keenyaa kan madaalamu, handhuura magaalaa qofa miidhagsuun osoo hin taane, qabeenya fi naannolee kaleessa haala gaariin hin fayyadamin ija keenya bannee ilaaluun, wiirtuu misoomaa fi guddinaa gochuus dabalateeti.   Waggaa 5 dura, Galaan Guraan bu'uuraalee misoomaa tokkollee kan keessatti hin argamne yoo ta'u, har'a garuu boqonnaan seenaa isaa jijjiiramee olka'insa misoomaa fi ce’umsa caasaa guutuu magaalaa keenyaa kan agarsiisu, wiirtuu walitti hidhaminsa dinagdee fi hawaasummaa ta'eera. Ashaaraan keenya har'a iddoo kanatti taa’e parkii industrii qofa osoo hin taane, bifa naannawichaa fi jireenya jiraattotaa guutummaatti bu’urarraa kan jijjiiredha. Akka fakkeenyaatti- 1/ Finfinneetti Riqicha ammayyaa jalqabaa fi isa guddaa ta'e, kan dheerina meetira 325 fi bal'ina meetira 60 qabu,   2/ Bu'uura misooma daandii ammayyaa kan koridarii daldala Itiyoophiyaa ariifachiisee fi kallattiin Kaargoo Daandii Xayyaaraa waliin walitti hidhu, kan dheerina kiilomeetira 21.73 qabu (daandii marfata Qallittii - Tulluu Diimtuu fi daandii marfata Qallittii - Addababayii Qilinxoo). 3/ Rakkoo dhiyeessii manneen jireenyaa magaalaa keenyaa furuu, ijaarsa manneen jireenyaa waliinii kuma 60 kan magaalaa haaraa ijaaruun wal qixxaatudha. 4/ Ijaarsi jiraattota keenyaa Kaazaanchisirraa sababa misoomaatiin ka’aniif, ganda jireenyaa ammayyaa, mijataa fi walitti qindaa'e ijaaramuun kan keessatti argamu, 5/ Fayyaa hawaasa keenyaa sadarkaa ol'aanaaniin eeguuf, ijaarsa Hospitaala Tiruwaamaa Galaan magaalattii keessatti guddinnaan isaa jalqabaa ta'e, 6/ Qonnaan bultoota bakka sanaa misooma kanaaf jecha lafa qonnaaf itti fayyadamaa turan nuuf gadhiisaniif, ijaarsa wiirtuu ga’ooma qonnaa ammayyaa fi qindeessaa, 7/ Iddoowwan magariisaa fi paarkota bal'oo miira haaromsan, 8/ Iddoowwan ispoortii fi tapha daa’immanii, ijaarsa Warshaa buddeenaa haadhotiif carraa hojii bal'aa uumuu fi kkf mallattoon ashaaraa badhaadhinaa calaqqisanii naannicha handhuura magaalaarra caalaa filatamaa taasisaniiru.
 Godina Wallagga  Bahaatti misooma Ruuzii  babal’isuuf hojii hojjatameen bu’aan argamaa jira
May 17, 2026 453
Caamsaa 9/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaatti misooma Ruuzii babal’isuuf hojii hojjatameen bu’aan argamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse. Dursaan Garee Misoomi Midhaanii Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Birhaanuu Dhiinsaa ENA’f akka ibsanitti, godinichaa keessatti misoomni Ruuzii bifa inisheetiviitiin hojiirra oolaa jira. Waggoottan darban keessa Oomishaa Ruuzii babal’isuu fi omishtummaa isaa dabaluuf hojiiwwan hojjatamaniin bu’aan abdachiisaan argameera jedhaniiru. Qonnaan bulaan godinichaas omishni Ruuzii bu’aa qabeessa ta’uu isaa hubachuusaaniin bara qabame Kanaan misoomni kun bal’inaan hojjatamaa akka jiru beeksisaniiru. Waggaa darbe godinichatti lafa hektaara kuma 174 ol irratti Ruuzii misoomsuun, omishni kuntaalli miiliyoona 4 ol akka argame ibsaniiru. Bara kanas lafti hektaara kuma 180 ol ta’u misooma ruuziitiif qophaa’aa jiraachuu kan eeran yommuu ta’u, omishtummaa dabaluuf qonnaan bulaan bifa kilaastaraatiin akka omishan ni taasifama jedhaniiru. Godinichatti Ruuzii bal’inaan omishuu keessatti aanaaleen akka Saasiggaa, Waamaa Haagaloo, Nuunuu Qumbaa fi Guutoo Giddaa isaan dursa eeramani dha. Dursaan Garee Misoomi Midhaanii Waajjira Qonnaa Aanaa Saasiggaa Obbo Waggaarii Tamasgeen akka ibsanitti, aanichatti omishni Ruuzii omishamuu erga jalqabee waggaa sadii kan lakkoofsise yommuu ta’u, waggaa waggaan jijjiiramni abdachiisaan argamaa jira. Waggaa darbe lafa hektaara kuma 13 irratti Ruuzii misoomsuun, oomishni kuntaalli kuma 298 argamuusaa ibsuun, bara kana immoo lafa hektaara kuma 17 misoomsuun, omishni kuntaalli kuma 437 ni eegama jedhaniiru. Qonnaan bulaan aanichaa Muddiin Sa'iid akka jedhutti, kanaan dura naannoo sanatti muuxannoon Ruuzii omishuu waan hin jirreef gara hojichaatti seenuuf sodaa qabaachuu isaanii ibsaniiru. Haata’u malee, gama mootummaatiin deeggarsa taasifameefii fi gorsa ogeeyyiitiin, amma irratti hojichaan bu’aa qabeessa ta’uu jalqabuusaanii ibsaniiru.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa hojiiwwan milkaa'oo waggoottan darban keessa raawwateen Afriikaa irraa daandii qilleensaa  dursaa  fi guddicha ta'uu danda'eera
May 17, 2026 381
Caamsaa 9/2018 (ENA)- Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa hojiiwwan milkaa'oo waggoottan darban keessa raawwateen Afriikaa irraa daandii qilleensaa dursaa fi guddicha ta'uu danda'uu isaa Hoogganaan hojii Raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo ibsan. Daandiin qilleensichaa hundeeffama isaa waggaa 80ffaa sababeeffachuun fiigicha daandii irraa kiilomeetira 8 qopheesse gaggeessaa jira. Hogganaan hojii Raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo wayita sana akka ibsanitti, dhaabbatichi seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf bara 1938 (A.L.H) hojii yeroo jalqabu xiyyaarota xixiqqoo muraasaan qofa balalisaa akka ture yaadachiisaniiru. Yeroo sanaa kaasee guddina walirraa hin cinne taasiseen, yeroo ammaa kana xiyyaarota ammayyaa teeknoolojii addunyaa hammatan kanneen akka Booyingii, Eerbaasii fi xiyyaarota biroo qabaachuu danda'uu ibsaniiru. Daandiin qilleensichaa yeroo ammaa sadarkaa Idil -Addunyaatti bakkeewwan gahuumsaa 145 ol akka qabu kan ibsan hoogganaan hojii raawwachiisaa olaanaa kun, keessattuu tajaajila fe'umsa meeshaa (kaargoo), leenjii Akkaadaamii Aviyeeshinii fi tajaajiloota damee kanneen biroon fakkeenya kan ta'u hojjechaa jira jedhaniiru. Cimina caasaa fi guddinni tarsiimowaa kun daandii qilleensichaa filatamaa fi dursa akka ta'u isa dandeessisuusaa eeraniiru. Daandiin qilleensichaa imala milkaa'ina seenaa waggaa 80ffaa isaa fiigicha daandii irraa har'aa dabalatee, marii paanaliin, agarsiisotaan fi sagantaalee hawaasummaa adda addaan haala miidhagaadhaan kabajaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaa fiigichaa kana irratti Pireezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Silashii Sihiniin dabalatee, hoggantoonni daandii qilleensichaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru. Fiigichi daandii irraa haala addaan gaggeeffamaa jiru kun ka'umsa isaa Addabaabayii Puushkiin (Saar Beet) godhachuun Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti xumura isaa taasisa. Dorgommii kana irratti atleetoonni, hojjettoonni daandii qilleensichaa fi maatiin ispoortii fi hojjettoonni dhaabbilee adda addarraa dhufan hirmaachaa jiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajila si’ataa Teekinoolojiin deeggarame kennuun hojiin rakkoolee bulchiinsa gaarii furan cimanii itti fufu
May 12, 2026 1266
Caamsaa 4/2018(ENA) -Hawaasaaf tajaajila si’ataa tekinoolojiin deeggarame kennuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun cimee akka itti fufu paartii badhaadhinaatti Hoogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Namarraa Bulii ibsan. Godina Jimmaa Magaalaa Limmu Gannatitti tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' har'a eebbifamee hojii eegaleera. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan Damee siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii yeroo kanatti akka jedhanitti, tajaajila ammayyaa dijitaalaan deeggarame kennuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun cimee itti fufa. Tajaajilli mootummaa giddugala Wiirtuu tokkoo 'Masoob' keessatti kennamaa jiru hawaasa biratti itti quufinsa uumaa jiraachuu eeranii, tajaajiloota akkasii babal'isuun akka itti fufu beeksisaniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tiijaanii Naasir gama isaaniitiin, tajaajilli Wiirtuu tokkoo 'Masoob' tajaajila tekonoolojiin deeggarame kennuun dadhabbii fi deddeebii hawaasaa hir’isuu akka danda'u ibsaniiru. Magaalaa Limmu Gannat keessatti kan eebbifame giddugalli tajaajila tokkoo kun tajaajiloota 87 kan kennu ta’uun isaas eerameera. Guyyaa har’aa Magaalaa Ambuyyee Aanaa Limmu Kossaatti walumaagala pirojeektoonni baasii birrii miiliyoona 600 oliin ijaaraman kanneen akka kilaastara horsiisa loonii lammiilee 80’f carraa hojii uumee dabalatee eebbifamaniiru.
Yuunivarsiitichi beekumsa Mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjechaa jira
May 7, 2026 1244
Ebla 29/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu beekumsa mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffannoo kennuu isaa beeksise. Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuuf kan kaayyefatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera. Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuu kan kaayyeffatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera. Sagantichiratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Birhaanamasqal Xannaa akka jedhanitti, dhaabbatichi hojii baruu fi barasiisuu cinaatti tajaajila hawaasummaa irratti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jira. Yuunivarsiitichi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuuf galteewwan qonnaa fi hoj maata fooyya’an dhiyeessuun gahee isaa bahaa jiraachuu eeraniiru. Konfiraansiin kun keessattuu qonnaan bultoonni beekumsa uumamaa fi muuxannoodhan argatan gara waltajjiitti fiduun beekamtii kennuufi galtee hojii qorannoo gara fuulduraatiif akka ta'uuf yaadamee kan qophaa'e ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, waltajjiin kun qonnaan bultoota, qorattootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti riqicha qunnamtii cimaa uumuun muuxannoo wal-jijjiiruuf carraa kenna jedhaniiru. Ogummaawwan mandhaalee saayinsii qonnaa ammayyaa waliin qindeessuun qulqullinaa fi baay’ina oomishaa guddisuuf gahee qabaachuu isaas ibsaniiru. Itti Aanaan Walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Piroofeesar Balaay Sima’aanii ergaa gama intarneetiitiin dhaamsa dabarsaniin, hojii baruu fi barsiisuu cinaatti keessattuu qonnaan bultoota hojmaata qonnaa ammayyaa madaqsuun hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa fi itti fufuu kan qabudha jedhaniiru. Keessattuu, qonnaan bultoonni beekumsa mandhaalee qaban gara waltajjiitti fiduun muuxannoo akka wal-jijjiiraniif konfiraansiin qorannoo qophaa'e kun adda ta'uu isaa eeraniiru. Waltajjiin kun keessattuu galma biyyaalessaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qabame akka milkaa’uuf,beekumsa mandhaalee qorannoo ammayyaa waliin walitti hidhuuf hojii jalqabame ni cimsa jedhaniiru. Waltajjiin kun qonnaan bultoonni adda dureen gama qonnaa, Horsiisa Loonii fi dameelee birootiin muuxannoo isaanii dhiyeessuun qonnaan bultoota birootiif akka qoodan carraa kan uumudha. Dabalataanis, qorattoonni beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa irratti qorannoo gaggeessuuf galtee akka argatan ni taasisa jedhaniiru. Konfiraansii kana irratti qonnaan bultoonni, qorattoonni, bakka bu’oonni Biiroo Qonnaa Oromiyaa kan hirmaatan yoo ta’u, agarsiisni oomisha qonnaan bultootaas gaggeeffameera
Hirmaattonni Yaa’ii Dhiibbaa Uumtota Miidiyaa Hawaasaa Afriikaa jalqabaa Inistitiyuutii Hubannoo namtolechee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru
May 7, 2026 952
Ebila29/2018(ENA):Hirmaattonni Yaa’ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa jalqabaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru. Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026), dhugaa Afrikaa Addunyaatti beeksisuufi dhimma diijitaalaa abbummaan geggeessuuf kaayyeffate, Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti har'aafi boru ni geggeeffama. Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru. Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru. Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti. Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa) fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha. Yaa’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa itti gaafatamummaa qaban jajjabeessuuf, Dinagdee Dijitaalaa cimsuuf, walta'iinsa uumuufi Finfinnee wiirtuu aadaafi dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffatedha.
Ispoortii
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin wal morkatu
May 10, 2026 918
Caamsaa 2/2018 (ENA): Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 36ffaa irratti Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin taphatan har’a ni eegama. Taphichi galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Landanitti kan gaggeeffamu ta'a.   Weestihaam Yunaayitid qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, naannoo gadi aanaa keessa jira. Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa jira. Weestihaam torbee 35ffaa irratti Bireenfoordiin 3 fi 0’n mo'amee gara naannoo gadi bu'iinsaatti kan seene Weestihaam, taphni har'aa liigicha keessa turuuf falmii taasisaa jiru keessatti baay'ee murteessaadha. Carraa ofumaa waancaa kaasuu kan qabu Arsenaal yoo injifate gara ulfina isaatti ni dhihaata. Garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban gara shaniitti akka guddisu isaan dandeessisa. Tapha biraatiin ammoo Barniley sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Tarfi Muur irratti Aston Viilaa waliin taphata. Liigichaan kan gadi bu'e Barnileey qabxii 20’n sadarkaa 19ffaa irratti argama. Morkataan isaa Aston Viilaan qabxii 58’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Aston Viilaan yoo injifate gara Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti akka dhihaatu taasisa. Sadarkaa 4ffaa Liivarpuul irraa fudhata. Notingiham Foresti sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Siitii Giraawundi irratti Niwukaastil Yunaayitid waliin taphata. Foresti qabxii 42’n liigichaan sadarkaa 16ffaa irratti argama. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 45’n liigii kanaan sadarkaa 13ffaa irra jira. Foresti meedaa isaarratti yoo injifate carraa liigicha keessa turuu isaa daran guddisa. Torbee 35ffaa irratti Biraayitan 3 fi 1’n injifate Niwukaastil injifannoo walitti aansuun itti fufuuf taphata. Kiristaal Paalaas sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Selhuristi Parki irratti Everton waliin ni taphata. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Waltajjiin Foramii Raaga Haala Qilleensaa Riijinichaa Finfinneetti gaggeeffama
May 18, 2026 74
Caamsaa 10/2018(ENA)-Waltajjiin Foramiin Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afriikaa Guddichaa 73ffaan (GHACOF 73) har'a Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegala. Foramichi mata duree "Tajaajiloota haala qilleensaa, dandamannaa fi Guddina fulla’aaf" jedhuun gaggeeffama. IGAD waltajjii Raagaa fi gidduugala hojirra oolmaa haala qilleensaa (ICPAC) tumsa michoota misoomaa waliin ta'uun qopheessuunsaa ibsameera. Waltajjii kanaan, raaga haala qilleensaa kennuu qofa osoo hin taane, raagawwan kana gara hojiitti jijjiiruu fi dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan akeekkachiisa dursaa fi qophii dursaa jabeessuu irratti xiyyeeffatama. Odeeffannoo IGAD ENA’f erge akka mul’isutti, odeeffannoo haala qilleensaa Qonnaan bultoonni, ogeessota fayyaa fi hoggantoota ittisa balaa akka deeggaru gochuu danda'an irratti mariin ni taasifama. Walta'iinsa dhaabbata raaga haala qilleensaa biyyaalessaa gidduu jiru cimsuun ajandaa marii isa tokkodha. Waltajjii kanarratti raaga roobaa ji'oota dhufanii, jechuunis akka lakkoofsa Awurooppaatti Waxabajjii hanga Fulbaanaa 2026 jiru, kan misooma qonnaa fi qabeenya bishaanii Gaanfa Afrikaaf murteessaa ta'e ni dhiyaata. Ministiroonni, dhaabbileen qorannoo, dhaabbileen namoomaa, dhaabbileen hawaasa siivilii fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa ni hirmaatu. Hirmaannaan gama kanaan jiru saayinsii fi imaammata walitti hidhuuf kan kaayyeffatedha. IGAD akka jedhetti, jijjiiramni haala qilleensaa sodaa fagoo osoo hin taane balaa qabatamaa balbala keenya jirudha jechuun, fooramiin kunis hawaasni Gaanfa Afrikaa odeeffannoo gahaa akka argatanii fi dursanii akka qophaa'an dandeessisuu irratti Kan xiyyeeffate ta’uu hubachiiseera. Xumura fooramichaa irrattis ibsi ejjennoo waliinii ni ba’a jedhameetu eeggama. Ibsi waliinii kunis hojiiwwan akeekkachiisa dursaa fi ijaarsa dandeettii dandamannaa hawaasaa gara fuulduraatiif akka galtee ijoo ta'ee akka tajaajilu hubatameera. Gara waltajjii isa guddaatti osoo hin seenamiin dura, qaama dhimmi ilaallatu waliin mariin toora intarneetii (online) fi workishoppiin misooma raaga haala qilleensaa taasifameera. Fooramiin riijinii kun hanga boruutti kan turu ta'a. Waltajjiin foramii Haala Qilleensaa Gaanfa Afriikaa Guddichaa 72ffaan (GHACOF 72) ji'a Amajjii 2018 keessa Keeniyaa, Naayiroobiitti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama
Naannichatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qaban karaa saayinsaawaa ta'een dhaabuun haala qabannaa isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
May 15, 2026 763
Caamsaa7/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban karaa saayinsaawaa ta'een dhaabuun haala qabannaa isaanii guddisuuf qophiin gahaan taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Naannichatti sagantaa Ashaara Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan tajaajila adda addaatiif oolan qophaa'uun isaaniis ibsameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanaan biqiltuuwwan dhaabamaniifi faayidaa hedduu qaban haala qabannaa isaanii dabaluuf, boolla biqiltuu dhaaban haala mijaawaa ta'een qopheessuun qilleensaa fi jiidhinsa biyyoo gahaa akka argatan gochuun barbaachisaa ta'uun isaa himameera. Yeroo iddoon filatamu hanqinni bishaanii akka hin mudanneef kuusaawwan bishaanii hojjechuun fi biqiltuun sun haala qilleensa naannichaa wajjin kan wal-simatu ta'uu isaa mirkaneessuun qaama xiyyeeffannoo kanaati. Dabalataanis, biqiltuun sun dhibee dandamachuu danda'uun isaa, erga dhaabamee booda tuttuqqaa bineensotaa irraa ittisuunii fi hojii hordoffii walitti fufiinsa qabu gaggeessuun qabannaa isaaniitiif shoora olaanaa akka qabu eerameera. Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumaamaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Katamaa Abdiisaa ENA'f akka ibsanitti; waggoottan jijjiiramaa keessatti naannichatti hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa raawwataman dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa haala ittifufinsa qabuun dandamachuun omishaa fi omishtummaan akka dabalu gargaaraa jiru. Saganticha eegumsa naannoo fi misooma bosonaa wajjin walitti hidhuun omisha fi omishtummaa dabaluuf fi ikkooloojii eeguuf tattaaffii taasifameen bu'aan jajjabeessaan argamuu isaas daarektarichi beeksisaniiru. Hojii kana itti fufsiisuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa adda addaatiif oolan qophaa'uu isaanii fi adeemsi dhaabbii karaa saayinsaawaa ta'een akka raawwatamu qonnan bultootaaf leenjiin kennamuu isaa eeraniiru. Biqiltuuwwan Ganna dhufuutiif qophaa’an keessaa kanneen bosonaaf, miidhaginaa fi soorataatiif oolan (fuduraalee fi muduraalee) kan jiran ta'uu eeranii, kanafis lafa adda baasu
Waltajjiin Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffama
May 11, 2026 920
Caamsaa 3/2018 (ENA): Waltajjiin guddichi Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afrikaa (GHACOF 73) 73ffaan Caamsaa 10 fi 11, 2018 magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama. Waltajjiin kun mata duree “Tajaajila Haala Qilleensaa, Misooma Itti Fufiinsa Qabuuf” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a. Waltajjicha Giddugala Raagaa fi Fayyadama Haala Qilleensaa (ICPAC), Dhaabbata Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD)fi michoota misoomaa waliin ta’uun kan qophaa’edha. Walgahiin kun raaga hojiitti jijjiiruun jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan akeekkachiisa ariifataa fi tarkaanfii fudhachuu, qophii cimsuu irratti kan kaayyeffatedha. Ibsa IGAD ENA’f ergeen, ragaawwan haala qilleensaa qonnaan bultootaa, ogeessota fayyaa fi hoggansa sodaa balaa kallattiin akka deeggaran irratti mariin ni gaggeeffama jedheera. Tumsa dhaabbilee meetirooloojii biyyaalessaa gidduu jiru cimsuun ajandaa marii biraati. Waltajjicharratti raaga roobaa ji’a Waxabajjii-Fulbaanaa 2026 A.L.A kan qonnaa fi qabeenya bishaanii Gaanfa Afrikaatiif murteessaa ta’e ni dhiyaata. Ministiroonni, dhaabbileen qorannoo, dhaabbileen gargaarsa namoomaa, dhaabbileen hawaasa siivikii fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa ni hirmaatu. Jijjiiramni qabeenya qilleensaa sodaa fagoo osoo hin taane, balaa qabatamaa balbala keenya irra jiru akka ta’e kan ibse Fooramiin IGAD, hawaasni gaanfa Afrikaa guddicha keessa jiran odeeffannoo gaarii akka qabaataniifi dursanii akka qophaa’an gochuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu eereera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 18461
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 1665
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 4106
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015