Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Sadarkaa Biyyoolessaatti Qamadii Jallisii Boneen lafti hektaarri miliyoona 4 ol ni misooma
Nov 25, 2025 76
Sadaasa 16/2018(TOI )-Bara bajataa 2018 qabametti lafa hektaara miiliyoona 4 ol irratti Qamadiin Jallisii boneen akka Misoomu Ministeerri Qonnaa beeksise. Ministirru Qonnaa Addisuu Araggaa, Ministirri Jallisii fi Naannoowwan Gammoojjii Dr.Abrihaam Balaay, Ministirri Bishaanii fi Albuudaa Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hoggantooni olaanoo federaalaa fi Naannoo Amaaraa fi bulchiinsa godina sablammii Oromoo Aanaa Daawaa caffaatti facaasaa qamadii bonee har’a eegalchiisaniiru. Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa sagantaa jalqabsiisaa kanarratti akka ibsanitti, bara kana akka biyyaatti lafa hektaara miiliyoona 4 tuqaa 2 ol qamadii jallisii boneen omishuuf hojiin facaasaa gaggeeffamaa jira. Haala Makaanaayizeeshiniin deeggarameen misooma jallisii misoomurraa callaan kuntaala miiliyoona 175 ol akka eegamu ibsaniiru. Hojii hanga ammaatti hojjetameen lafti hektaara miiliyoona 1 caalu facaafamuu ibsaniiru. Omishtummaa misooma Qamadii guddisuun hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu fi gabaa Alaaf dhiheessuu xiyyeeffannoon raawwatamaa jira jedhaniiru. Kanaanis amman dura lafa qamadiin misoomee hin beekne gara misoomatti galchuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Har’a naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina bulchiinsa sablammii Oromootti hojiin misoma jallisii bonee gaggeeffamaa jiru agarsiistuu kanaa ta’uu kaasaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Bulchaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaan kilaastara baadiyaa Dr. Diras Saahiluu gamasaaniin, naannichatti lafa hektaara kuma 350 ol ta’u jallisii qamadii boneen misoomsuuf hojjetamaa jira. Misoma jallisii kanarraa callaa kuntaala miiliyoona 13 tuqaa 6 ol argachuuf karoorfamuu ibsuun, omishtummaa guddisuuf dhiheessiin galtee fi teekinooloojii taassifamaa jira jedhaniiru. Bulchaa Godina sablammii oromoo Obbo Ahimad Alii akka ibsanitti, misooma jallisii tekinooloojiin deeggaruun nyaataan of danda’uurra darbee omisha gabaaf gahu omishuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis misooma jallisii boneen lafa hektaara kuma 12 ol irratti qamadii misoomsuuf karoorfamee hojiin facaasaa eegalamuu ibsaniiru. Qonnaan bulaaf teekinooloojii fi galtee dhiheessuun wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee omishasaa gabaaf akka dhiheessuuf deeggarsii fi hordoffiin taassifamaa jira jedhaniiru.
Wal’aansa Bilisaa Moora Ijaa nuuf taasifameen Agartuun keenya deebi’uutti gammanneera
Nov 25, 2025 51
Sadaasa16/2018(TOI )- Hospitaala Nagallee Boranaatti wal’aansa bilisaa moora ijaa taassifameefiin agartuunsaanii deebi’uusaan rakkoon guyya guyyaan isaan mudachaa ture akka hir’ate wal’aanamtonni ibsan. Garee tola ooltotaa hospitaala waliigalaa Aarbaa Minci tajaajila wal’aansa Moora Ijaa Hospitaala Nagallee Booranaatti eegaleera. Godinichatti Jiraatan Aanaa Liiban Ganda Ardoot obbo Adam Bidoo, sababa dhibee moora ijaan hojii fi jireenya hawaasummaarraa adda bahuun turuu yaadataniiru. Wal’aansa argachuuf humna akka hin qabne kaasuun yeroo rakkatanii turanitti Hospitaalli Nagallee Booranaa tajaajila wal’aansa bilisaa waan isaaniif kenneef gammadaniiru. Tajaajilli wal’aansaa argatan rakkoo guyyaa guyyaan isaan mudachaa ture akka irraa hir’isu abdii horataniiru. Jiraataan magaalaa nagellee Boorana Haajii Abdul Qaadir Ibiraahim, sababa dhibee Moora ijaan arguu dadhabanii waggaa Afur dabarsuusaanii ibsaniiru. Rakkoo ijaa isaan mudate yaalamuuf mana yaala dhiheenyasaanii jirutti yaalamanis fayyuu akka hin dandeenye eeruun yeroo ammaa deeggarsa hospitaalichi taasiseen arguu danda’uusaanii dubbataniiru. Wal’aansa ijaa Bilisaan Hospitaalichatti taassifameefiin fayyina argachuusaanii Aadde Ayyaalnesh Caannee dubbataniiru. Tajaajila wal’aansaa taassifamefiin gargaarsa malee jireenyasaanii gaggeefachuu danda’uusaaniif miseensota garee wal’aansaa kana galateeffataniiru. Hospitaala Arbaa Minicitti dursaan garee wal’aansa moora ijaa bilisaa Obbo Dammaqaa Dabbabaa, doktaroota wal’aansa ijaa fi ogeeyyii fayyaa qabatanii Hospitaala Nagallee Boranaa dhufuusaanii ibsaniiru. Hospitaala Nagallee Booranaatti tajaajila wal’aansaa bilisaa moora ijaa namoota 500’f kennuuf karoorsuusaanii ibsaniiru. Hojii gaggeessaan walii galaa Hopitaala nagallee Booranaa Bonayyaa Liiban gamasaaniin, wal’aansa moora ijaa argachuuf godinaa fi aanaalee ollaarraa gara Hospitaala Nagallee Booranaatti akka dhufan ibsaniiru. Wal’aansa bilisaa baqaqsanii hodhuu cinaattis qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguun dhukkuba ijaa ittisuun akka danda’amu hawaasaaf hubannaan kennamuu ibsaniiru.
Ji’oota afran darbanitti lammiileen kuma 221 ol biyya alaatti carraan hojii akka argatan taasifameera
Nov 25, 2025 69
Sadaasa 16/2018(TOI)- Bara baajataa 2018 ji’oota afran darbanitti lammiilee kuma 221 ol ta’aniif carraan hojii biyya alaa akka uumameef Ministeerri Hojiifi Ogummaa beeksise. Gama biraatiin lammiilee kuma 988 ol ta’aniif carraan hojii biyya keessaa uumamuu ibsameera. Deetaan Ministira, Ministiraa Hojii fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa TOI waliin turtii tasisaniin akka jedhanitti, pirojektoonni misoomaa imala badhaadhina Itiyoophiyaa daran cimsanii itti fufsiisan bal’aan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Haala carraa hojii uumuu babal’isuuf imaammata, labsii, fi sirna hojii diriirsuun humna namaa dorgomaa fi gahumsa qabu,beekumsaa fi dandeettii hidhate horachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Imala guddina Ityoophiyaa saffisiisuuf akkasumas humna hojjetaa industirichatti akka makamuuf leenjiin teeknikaa fi ogummaa yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraa kennamaa jira jedhan. Bara baajataa 2018 ji’oota afran darbanitti lammiilee miiliyoona 1 tuqaa 3 carraa hojii uumuuf karoorfamee, lammiilee kuma 988 oliif uumamuu beeksisaniiru. Biyyoota alaa waliigalteen qaxarrii waliin mallattaa’e keessatti lammiilee kuma 221 fi 641f hojiin uumameefii jira jedhan. Itiyoophiyaanonni damee hojii adda addaa isaaniif uumame irratti hirmaachuun, of irra darbanii lammiilee isaaniif carraa hojii uumaa akka jiran ibsaniiru. Daldaltoonni seeraan alaa maqaa hojjetaa biyya alaatti ergina jedhuun karaa miidiyaa onlaayinii lammiilee gowwoomsuu keessatti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Wal’aansa Bilisaa Moora Ijaa arganneen Agartuun kenya deebi’uutti  gammanneera
Nov 25, 2025 83
Sadaasa16/2018(TOI )- Hospitaala Nagallee Boranaatti wal’aansa bilisa moora ijaa taassifameefiin agartuunsaanii deebi’uun rakkoon guyya guyyaan isaan mudachaa ture akka hir’ate wal’aanamtonni ibsan. Garee tola ooltotaa hospitaala waliigalaa Aarbaamincitti tajaajila wal’aansa Moora Ijaa Hospitaala Nagallee Booranaatti eegaleera. Godinichatti Jiraatan Aanaa Liiban Ganda Ardoot obbo Adam Bidoo, sababa dhibee moora ijaan hojii fi jireenya hawaasummaarraa adda bahuun turuu yaadataniiru.   Wal’aansa fudhachuuf humna akka hin qabne kaasuun yeroo rakkatanii turanitti Hospitaalli Nagallee Booranaa tajaajila wal’aansa bilisaa waan isaaniif kenneef gammadaniiru. Tajaajilli wal’aansaa argatan rakkoo guyyaa guyyaan isaan mudachaa ture akka hir’isuufi abdii godhataniiru. Jiraataan magaalaa nagellee Boorana Haajii Abdul Qaadir Ibiraahim , sababa dhibee Moora ijaan arguu dadhabanii waggaa Afur dabarsuusaanii ibsaniiru.   Rakkoo ijaa isaan mudate yaalamuuf mana yaala dhiheenyasaanii jirutti yaalamanis fayyuu akka hin dandeenye eeruun yeroo ammaa deeggarsa hospitaalichi taassisseen arguu danda’uusaanii dubbataniiru. Wal’aansa ijaa Bilisaan Hospitaalichatti taassifameefiin fayyina argachuusaanii Aadde Ayyaalnesh Caannee dubbataniiru.   Tajaajila wal’aansaa taassifamefiin gargaarsa malee jireenyasaanii gaggeefachuu danda’uusaaniif miseensota garee wal’aansaa kana galateeffataniiru. Hospitaala Arbaaminicitti dursaan gareen wal’aansa moora ijaa bilisaa Obbo Dammaqaa Dabbabaa , dokteroota wal’aansa ijaa fi ogeeyyii fayyaa qabatanii Hospitaala Nagallee Boranaa dhufuusaanii ibsaniiru.   Hospitaala Nagallee Booranaatti tajaajila wal’aansaa bilisaa moora ijaa kennamuun namoota 500’f bilisaan kennuuf karoorsuusaanii ibsaniiru. Hojii gaggeessan walii galaa Hopitaala nagallee Booranaa Bonayyaa liiban gamasaaniin , wal’aansa moora ijaa argachuuf godinaa fi aanaalee ollaatii gara Hospitaala Nagallee Booranaatti akka dhufan ibsaniiru. Wal’aansa bilisaa baqaqsanii hodhuu cinaattis qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguun dhukkuba ijaa ittisuun akka danda’amu hawaasaaf hubannaan kennamuu ibsaniiru.
Qajeeltoon guddinaa Itiyoophiyaan imala gara badhaadhinaatti taasistuuf hordoftu kallattii guddina magariisaa bu’uura godhatedha- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 25, 2025 76
Sadaasa 16/2018(TOI )- Qajeeltoon guddinaa Itiyoophiyaan imala gara badhaadhinaatti taasistuuf hordoftu kallattii guddina magariisaa bu’uura kan godhate ta’uu itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee sagantaa beekamtii fi galateeffannaa raawwii karoora bara 2017 Abbaa Taayitaa bunaa fi shayii Itiyoophiyaarratti argamaniiru.   Wayituma kana, xiyyeeffannoo addaa Mootummaan jijjiiramaa damee qonnaatiin misooma bunaaf kennee fi tumsa qindaa’aa qooda fudhattootaan waggoottan darban jijjiiramoota dinqisiisoo galmeessifneerra jedhan.   Omishtummaan baay’ee dabaleera, qonnaan bultonni buna omishan misooma bunaan abdii kutachuu keessa bahanii hara’a miliyeenara ta’aa akka jiran ibsuun, bara baajataa 2017 seenaa keenya keessatti yeroo jalqabaaf buna toonii kuma 470 gara Alaatti erguun, galii doolaara biiliyoona 2 tuqaa 65 argameera jedhan. Bu’aan kun hanga omishaanis ta’e galiin seenaa haaraan kan raawwatame dha jedhaniiru.   Bara baajataa qabametti buna toonii kuma 600 erguun galii doolaara biiliyoona 3 ol argachuuf galma qabanne milkeessuuf qulqullina fooyyesuu fi sona itti dabaluun gara alaatti eguun xiyyeeffannoo ta’uusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru. Itiyoophiyaan Addunyaarraa Omisha Bunaan, Shayii fi mi’essituun adda duree tassisuuf qajeeltoo saffisaa fi qulqullinaan tattaaffii waloo cimsuun itti fufsiiuu akka barbaachisu ibsaniiru.
Kan mul'ate

Fooyyessi dinagdee Mandhalee dameen Bunaa guddaa akka fooyya’u taasiseera-Doktar Kaasahuun Goofee
Nov 25, 2025 65
Sadaasa 16/2018 (TOI)-Sagantaan beekamtii raawwii karooraa bara bajataa 2017 Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa gaggeeffameera. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo, oomishtoonii fi alergitoonni Bunaa, sagantaicharratti kan argaman yoo ta’u,alergitoonni daldala alergii Bunaa raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtiin kennameera. Ministirri daldalaa fi walitti hihamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee wayita kana dubbii dubbataniin mootummaan fooyya’iinsa dinagdee mandhalee gochuunsaa damee Bunaa guddaa dadammaqseera jedhaniiru. Milkaa’inni guddaan waggoota afurii asitti daldala alergii Bunaan galmaa’aa jiru kanneen Buna omishaniif abdii ta’aa jira jedhaniiru. Milkaa’inni daldala alergii bara bajataa 2017 argame tarkaanfii mootummaan oomishuurraa amma gabaatti fudhateen dhamaatii qonnaan bulaa fi qooda fudhattoota damichaan ta’uu dubbataniiru. Xiyyeeffannoon jiddugaleessichaa fuulduraa mekaanaayizeeshinii Bunaa bal’isuu fi bunarratti sona dabaluun erguu akka ta’e ibsaniiru. Ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii gabaa bal’isaa jira kan jedhan ministirichi, piroomooshinii walitti fufaa fi gabaa bal’isuun cimee itti fufa jedhaniiru. Daarektarri abbaa taayitaa bunaa fi Shaayee Dr. Addunyaa Dabalaa, Itiyoophiyaan sanyiiwwan Bunaa dhamdhama addaa akka qabdu dubbataniiru. Jijjiiramaan asitti Bunni Itiyoophiyaa gabaa addunyaarratti barbaadamnisaa dabaluu eeranii, bara bajataa 2017 buna toonii kuma 470 erguun galii doolaara biiliyoona 2 tuqaa 65 argachuun milkaa’inni guddaan galmaa’eera jedhan. Damee Kanaan jijjiirama bu’uraa fiduun rakkoo bittaa fi gurgurtaa bunaarra jiru furuun milkaa’ina argame ta’uu eeraniiru. Bunni utubaa dinagdee biyyaa ta’uusaa mirkaneessaa jira kan jedhan daarektarri olaanaa kun, oomishaalee Bunaa fi Shaayee qulqulluu gabaa alaaf dhiheessuun cimee itti fufa jedhan.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Itiyoophiyaan Riifoormii  biyyoolessaan Ijaarsa dhaabbilee cimaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirti
Nov 24, 2025 224
Sadaasa15/2018(TOI )-Itiyoophiyaan Riifoormii biyyoolessaan ijaarsa dhaabbata cimaaf xiyyeeffannoo kennitee Hojjechaa Jiraachuu Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah Ibsan. Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddera Yuunaayitid Kingidam Daren welchi waliin marii’ataniiru. Obbo Adam wayita sana akka jedhanitti, Itiyoophiyaa fi Yuunaayitid Kingidam Dameelee Hawaasummaan, Dinagdeen fi Siyaasaan Hariiroo Cimaa bara dheeraa qabu. Yuunaayitid Kingidam deeggartuu cimtuu misooma Itiyoophiyaa ta’uushee eeruun, Ajandaan misoomaa fi riifoormii akka milkaa’uuf Yuunaayitid Kingidam deeggarsa kennituuf galateeffataniiru. Biyyoonni kun hariiroo guddaa dameelee adda addaan qaban caalaatti akka cimuuf Paartiin Badhaadhinaa qooda irraa eegamu akka cimsu mirkaneessaniiru. Damee Barnootaa fi Fayyaan, Obbolummaan qaban bu’aa qabeessa ta’uu eeruun, tumsi milkaa’aan kun dameelee biroon babal’isuuf kutannoo qabna jedhaniiru. Gaggeessummaa paartii badhaadhinaan dameelee Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaan milkaa’inoonni galmaa’uu eeruun, milkaa’inoota kana itti fufsiisuuf hirmaannaan taassifamu cimee akka itti fufu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa hojii ijaarsa dhaabbileetiif xiyyeeffannoo kennuusaa eeruun Boordiiin Filannoo Biyyoolessa Itiyoophiyaa fi Komishinii Mirga Naoomaadabalatee dhaabbanni bilasaa fi walabaa akka dhugoomuuf tattaaffii taassisaa jira jedhaniiru. Dirree siyaasa bal’isuurratti partichi tarkaanfiiwwan gurguddoo fudhachuusaa ibsuun, misensonni paartii morkattootaa kaabinee motummaa keessatti akka hammataman taassifamuu akka fakkeenyaatti eeraniiru. Filannoon Fuulduraa Dimokiraatawaa fi Haqa qabeessa haala ta’een akka qaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan taassifamuu eeruun, filannichi hirmaannaan ummataa kan itti mirkanaa’e amanamaa akka ta’u paartiin badhaadhinaa kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddera Yunayited Kingidamii fi ergamaa dhaabbataa Gamtaa Afriikaa Ambaasaaddar Daaren Weelchi Gamasaaniin , Itiyoophiyaa fi Yuunaayitid Kingidam Hariiroo seenaa qabeessaa fi fakkeenya ta’u kan qaban ta’uu kaasaniru. Riifoormiin Diinagdee Itiyoophiyaa daandii sirriirra ta’uu eeruun, kunis sadarkaa fooyya’een akka itti fufu nan amana jedhaniiru. Yunaayitid Kingiaem hojii ijaarsa dhaabbilee deeggaruuf kutannoo qabaachuu Ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru.
Chaayinaan tumsa tarsiimoo Itiyoophiyaa waliin qabdu kan taateewwaniin hin jijjiiramne gama hundaan daran cimsuun ni hojjetti - Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii
Nov 24, 2025 195
Sadaa 15/2018(TOI)-Chaayinaan Itiyoophiyaa waliin tumsa tarsiimoo taateewwaniin hin jijjiiramne (all-weather strategic partnership) gama hundaan qabdu daran cimsuun kutannoon akka hojjettu miseensa biiroo siyaasaa Koree Giddugaleessaa Paartii Koominiistii Chaayinaa fi Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii ibsaniiru. Waggaan 55ffaa Itiyoophiyaa fi Chaaynaa hariiroo dippiloomaasii isaanii itti jalqaban ni kabajama. Ministirri Dhimma Alaa Chaaynaa Waang Yii waggaa 55ffaa hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii hundeeffame irratti Ministira Dhimma Alaa doktar Geediyoon Ximootiwoosiif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru. Waangi Yiin ergaa dabarsaniin, hariiroon obbolummaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa waggoota hedduu kan lakkoofsise ta’uu eeruun, hariiroon biyyoota lameenii cimee kan itti fufu ta’uus himaniiru. Waggoottan 55n darban kanattis biyyoonni lameen wal amantaanii fi wal deeggaruun kan itti mul’ate ta’uu eeraniiru. Akkasumas michummaan kun agarsiisa walta’iinsaa fi tumsa biyyoota guddachaa jiran gidduu jiru ta’uu ibsaniiru. Qajeelfama tarsiimoo hoggantoota biyyoota lamaaniitiin waggoota darban keessa tumsi biyyoota lamaanii daran cimee akka tures hubachiisaniiru. Walitti dhufeenyi biyyoota lameenii mul’ata wal amantaa siyaasaa yeroo hunda gadi fagoo ta’ee fi tumsa qabatamaa bu’aa qabeessa ta’e ummatoota biyyoota lameeniif bu’aa qabatamaa argamsiisuu isaa ibsaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Chaaynaa waggaa 55ffaa hariiroo dippilomaasii akka carraa gaariitti fayyadamuun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf akka ta’e ibseera. Bu’aa Walgahii Waltajjii Tumsa Chaayinaa fi Afriikaa (FOCAC) fi dhimmoota hoggantoonni biyyootaa irra ga’an hojiirra oolchuuf, akkasumas tumsa tarsiimoo obbulummaa yeroo irratti hundaa’ee hin daangofne (all-weather strategic partnership) kan biyyoota lameen gidduu jiru daran cimsuuf kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru. Akkasumas, mul’ata waliinii taateewwan irratti hundaa’ee hin jijjiiramne giddugaleessa godhate, boqonnaa haaraa tumsa hawaasa Chaayinaa fi Afrikaa gidduutti uumuuf karoora akka qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo dippilomaasii isaanii kan jalqaban akka lakkoofsa warra Faranjootaatti bara 1970 akka ta’e ragaaleen ni agarsiisu.
Adeemsa marii biyyoolessaaf hirmaannaa fi tumsi dubartootaa, Dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa murteessaa dha- Komishinar Dr.Yoonaas Adaayyee
Nov 22, 2025 309
Sadaasa13/2018(TOI )-Adeemsa Marichaaf tumsii fi hirmaannaa cimaan Dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa murteessaa ta’uu komishinarri komishinii marii biyyoolessa Itiyoophgiyaa Dr. Yoodaas Adaayyee dubbatan. Adeemsa marichaarratti qooda Dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa ilaalchisee komishinii marii biyyoolessa Itiyoophiyaa Magaalaa Jimmaatti waltajjii marii gaggeessaa jira. Waltajjii marii kanarratti bakka bu'oonni Godinaalee Wallaggaa afran, Iluu Abbbaabooraa, Buunnoo Beddellee, Shawaa Kibba Lixaa, Magaalaa Jimmaa fi godinoota Jimmaarraa kan walitti dhufan hirmaataniiru. Komishinarri marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa doktar Yoonaas Adaayyee waltajjicharratti haasawa taasisaniin, adeemsa marii gaggeeffamaa jiru keessatti tumsii fi hirmaannaan dubartootaa, dargaggoota fi qaama miidhamtootaa haala hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’een barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Adeemsa kana keessatti kutaalee hawaasaa adda addaa akka hirmaatan tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, hirmaannaan dubartootaa, dargaggoota fi qaama miidhamtootaa cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Ajandaa hawaasaa walitti qabuun furmaata waaraa argachuuf adeemsi marii gaggeeffamaa akka jiru Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mahmuud Diriir ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti hirmaannaan dubartootaa, dargaggoota fi qaama miidhamtootaa murteessaa waan ta’eef haalaan cimee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Hirmaattonni marii kanaa gama isaaniitiin Komishiniin Marii biyyaalessaa, nagaa waaraa buusuuf bakka bu’oota kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun hojii hojjechaa jiru dinqisiifataniiru. Carraa gaarii kanatti f gargaaramuun waa’ee biyyasaaniirratti mari’achuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Godina Buunnoo Baddalleerraa kan hirmaatan obbo Badhaasaa Saddetaa, magaalaa Aggarroorra kan dhufan adde Ruuqiyaa Kadir fi magaalaa Jimmaarraa kan hirmaatan obbo Salamoon Yixnaa, waltajjii marii kanarratii hirmaachuusaaniitti gammaduusaanii ibsanii, rakkoolee biyya keenyaa waloof furmaata waloo barbaaduuf qooda keenya nibaana jedhaniiru. Komishinaroonni, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, dubartoonni, dargaggoonnii fi qaama miidhamtoonni kan hirmaatan yoo ta’u mariin kun borus akka itti fufu beekameera.

Hawaasummaa
Wal’aansa Bilisaa Moora Ijaa nuuf taasifameen Agartuun keenya deebi’uutti gammanneera
Nov 25, 2025 51
Sadaasa16/2018(TOI )- Hospitaala Nagallee Boranaatti wal’aansa bilisaa moora ijaa taassifameefiin agartuunsaanii deebi’uusaan rakkoon guyya guyyaan isaan mudachaa ture akka hir’ate wal’aanamtonni ibsan. Garee tola ooltotaa hospitaala waliigalaa Aarbaa Minci tajaajila wal’aansa Moora Ijaa Hospitaala Nagallee Booranaatti eegaleera. Godinichatti Jiraatan Aanaa Liiban Ganda Ardoot obbo Adam Bidoo, sababa dhibee moora ijaan hojii fi jireenya hawaasummaarraa adda bahuun turuu yaadataniiru. Wal’aansa argachuuf humna akka hin qabne kaasuun yeroo rakkatanii turanitti Hospitaalli Nagallee Booranaa tajaajila wal’aansa bilisaa waan isaaniif kenneef gammadaniiru. Tajaajilli wal’aansaa argatan rakkoo guyyaa guyyaan isaan mudachaa ture akka irraa hir’isu abdii horataniiru. Jiraataan magaalaa nagellee Boorana Haajii Abdul Qaadir Ibiraahim, sababa dhibee Moora ijaan arguu dadhabanii waggaa Afur dabarsuusaanii ibsaniiru. Rakkoo ijaa isaan mudate yaalamuuf mana yaala dhiheenyasaanii jirutti yaalamanis fayyuu akka hin dandeenye eeruun yeroo ammaa deeggarsa hospitaalichi taasiseen arguu danda’uusaanii dubbataniiru. Wal’aansa ijaa Bilisaan Hospitaalichatti taassifameefiin fayyina argachuusaanii Aadde Ayyaalnesh Caannee dubbataniiru. Tajaajila wal’aansaa taassifamefiin gargaarsa malee jireenyasaanii gaggeefachuu danda’uusaaniif miseensota garee wal’aansaa kana galateeffataniiru. Hospitaala Arbaa Minicitti dursaan garee wal’aansa moora ijaa bilisaa Obbo Dammaqaa Dabbabaa, doktaroota wal’aansa ijaa fi ogeeyyii fayyaa qabatanii Hospitaala Nagallee Boranaa dhufuusaanii ibsaniiru. Hospitaala Nagallee Booranaatti tajaajila wal’aansaa bilisaa moora ijaa namoota 500’f kennuuf karoorsuusaanii ibsaniiru. Hojii gaggeessaan walii galaa Hopitaala nagallee Booranaa Bonayyaa Liiban gamasaaniin, wal’aansa moora ijaa argachuuf godinaa fi aanaalee ollaarraa gara Hospitaala Nagallee Booranaatti akka dhufan ibsaniiru. Wal’aansa bilisaa baqaqsanii hodhuu cinaattis qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguun dhukkuba ijaa ittisuun akka danda’amu hawaasaaf hubannaan kennamuu ibsaniiru.
Ji’oota afran darbanitti lammiileen kuma 221 ol biyya alaatti carraan hojii akka argatan taasifameera
Nov 25, 2025 69
Sadaasa 16/2018(TOI)- Bara baajataa 2018 ji’oota afran darbanitti lammiilee kuma 221 ol ta’aniif carraan hojii biyya alaa akka uumameef Ministeerri Hojiifi Ogummaa beeksise. Gama biraatiin lammiilee kuma 988 ol ta’aniif carraan hojii biyya keessaa uumamuu ibsameera. Deetaan Ministira, Ministiraa Hojii fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa TOI waliin turtii tasisaniin akka jedhanitti, pirojektoonni misoomaa imala badhaadhina Itiyoophiyaa daran cimsanii itti fufsiisan bal’aan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Haala carraa hojii uumuu babal’isuuf imaammata, labsii, fi sirna hojii diriirsuun humna namaa dorgomaa fi gahumsa qabu,beekumsaa fi dandeettii hidhate horachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Imala guddina Ityoophiyaa saffisiisuuf akkasumas humna hojjetaa industirichatti akka makamuuf leenjiin teeknikaa fi ogummaa yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraa kennamaa jira jedhan. Bara baajataa 2018 ji’oota afran darbanitti lammiilee miiliyoona 1 tuqaa 3 carraa hojii uumuuf karoorfamee, lammiilee kuma 988 oliif uumamuu beeksisaniiru. Biyyoota alaa waliigalteen qaxarrii waliin mallattaa’e keessatti lammiilee kuma 221 fi 641f hojiin uumameefii jira jedhan. Itiyoophiyaanonni damee hojii adda addaa isaaniif uumame irratti hirmaachuun, of irra darbanii lammiilee isaaniif carraa hojii uumaa akka jiran ibsaniiru. Daldaltoonni seeraan alaa maqaa hojjetaa biyya alaatti ergina jedhuun karaa miidiyaa onlaayinii lammiilee gowwoomsuu keessatti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Wal’aansa Bilisaa Moora Ijaa arganneen Agartuun kenya deebi’uutti  gammanneera
Nov 25, 2025 83
Sadaasa16/2018(TOI )- Hospitaala Nagallee Boranaatti wal’aansa bilisa moora ijaa taassifameefiin agartuunsaanii deebi’uun rakkoon guyya guyyaan isaan mudachaa ture akka hir’ate wal’aanamtonni ibsan. Garee tola ooltotaa hospitaala waliigalaa Aarbaamincitti tajaajila wal’aansa Moora Ijaa Hospitaala Nagallee Booranaatti eegaleera. Godinichatti Jiraatan Aanaa Liiban Ganda Ardoot obbo Adam Bidoo, sababa dhibee moora ijaan hojii fi jireenya hawaasummaarraa adda bahuun turuu yaadataniiru.   Wal’aansa fudhachuuf humna akka hin qabne kaasuun yeroo rakkatanii turanitti Hospitaalli Nagallee Booranaa tajaajila wal’aansa bilisaa waan isaaniif kenneef gammadaniiru. Tajaajilli wal’aansaa argatan rakkoo guyyaa guyyaan isaan mudachaa ture akka hir’isuufi abdii godhataniiru. Jiraataan magaalaa nagellee Boorana Haajii Abdul Qaadir Ibiraahim , sababa dhibee Moora ijaan arguu dadhabanii waggaa Afur dabarsuusaanii ibsaniiru.   Rakkoo ijaa isaan mudate yaalamuuf mana yaala dhiheenyasaanii jirutti yaalamanis fayyuu akka hin dandeenye eeruun yeroo ammaa deeggarsa hospitaalichi taassisseen arguu danda’uusaanii dubbataniiru. Wal’aansa ijaa Bilisaan Hospitaalichatti taassifameefiin fayyina argachuusaanii Aadde Ayyaalnesh Caannee dubbataniiru.   Tajaajila wal’aansaa taassifamefiin gargaarsa malee jireenyasaanii gaggeefachuu danda’uusaaniif miseensota garee wal’aansaa kana galateeffataniiru. Hospitaala Arbaaminicitti dursaan gareen wal’aansa moora ijaa bilisaa Obbo Dammaqaa Dabbabaa , dokteroota wal’aansa ijaa fi ogeeyyii fayyaa qabatanii Hospitaala Nagallee Boranaa dhufuusaanii ibsaniiru.   Hospitaala Nagallee Booranaatti tajaajila wal’aansaa bilisaa moora ijaa kennamuun namoota 500’f bilisaan kennuuf karoorsuusaanii ibsaniiru. Hojii gaggeessan walii galaa Hopitaala nagallee Booranaa Bonayyaa liiban gamasaaniin , wal’aansa moora ijaa argachuuf godinaa fi aanaalee ollaatii gara Hospitaala Nagallee Booranaatti akka dhufan ibsaniiru. Wal’aansa bilisaa baqaqsanii hodhuu cinaattis qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguun dhukkuba ijaa ittisuun akka danda’amu hawaasaaf hubannaan kennamuu ibsaniiru.
Godina Arsiitti Gurmaa'ina Gandaa cimsuuf Gandoota 500 olitti waajjiraaleen gandaa ijaaramaniiru
Nov 25, 2025 50
Sadaasa 16/2018(TOI)- Godina Arsiitti Gurmaa'ina Gandaa cimsuuf Gandoota 500 olitti waajjiraaleen gandaa ijaaramannii tajaajila kennaa jiraachuu Bulchaan Godinichaa himan. Bulchaa godina Arsii obbo Ibraahim Kadiir TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, godinichatti Caasaa gandootaa haaraa godinicha keessatti hundeeffame cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru. Caasaaleen gandootaa hawaasaaf tajaajila gahumsa qabu akka kennan humna namaa gahaa fi waajjiraalee fooyya’oo ta’an dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru. Haaluma kanaan erga caasaan kun hundeeffamee jalqabee Gandoota 580 godinicha keessatti gurmaa’an keessaa 564f waajjiraaleen ijaaramaniiru. Hawaasni naannoo waajjiraalee Gandootaa jiraatanis bishaan dhugaatii qulqulluu, ibsaa, daandii fi bu’uuraalee misoomaa biro argachaa jiraachuu ibsaniiru. Hoggantoonni caasaa Gandootaatti ramadaman akka hawaasatti dhiyaatanii tajaajila kennuu danda’aniif humna namaa guutuu qofa osoo hin taanee, manneen jireenyaa isaaniif ijaaramaa akka jirus eeraniiru. Caasaan bulchiinsaa haaraa gandootaa erga hundeeffamee booda gaaffiin hawaasni haqaaf, bulchiinsa gaarii, fi bu’uuraalee misoomaa irratti qabu xiyyeeffannoon kennamee, gama nagaa fi tasgabbii buusuufis bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru. Haaluma kanaan hawaasni naannichaas xiyyeeffannoon isaa gara misoomaatti deebi’uu ibsaniiru. Godina Arsii aanaa Heexosaatti jiraataa Ganda Shaaqii Shararaa qonnaan bulaa obbo Fayisaa Buttaa caasaan Gandaa kuni jiraachuun isaa tajajila si’ataa akka argatan isaan taasisuu himaniiru. Hoggantoonni caasaa Gandaatti ramadamanis ummatatti bakka jiraatutti gadi bu’uun tajaajila kennaa jiraachuu himaniiru. Kanaan dura tajaajila argachuuf gara aanaatti deemuun ifaajjii fi baasii hedduuf saaxilamaa turuu eeruun yeroo ammaa kanatti garuu tajaajila barbaadan iddoo tokkotti argachuun akka isaan gammachiise himaniiru. Godinichatti jiraataa Ganda Itayyaa kan ta’an qonnaan bulaa obbo Taakkalaa Dhaabii gama isaaniin, caasaan Gandaa amma jiru kuni kanaan dura baasii hin malleef kanneen akka geejibaaf baasnu turre nurraa hambisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu taasiseera jedhani. Erga caasaan Gandaa hundaa’ee tajaajila argachuuf gara aanaatti kan dhamaanu turre, amma balbaluma keenyatti argachuu dandeenyeerra jedhu qonnaan bultoonni kunniin. Keessumaa xaa’oon fi sanyiiwwan filatamoon gara Ganda isaaniitti waan dhufeef guddina qonnaa isaaniif gargaarsa guddaa ta’uu eeraniiru.
Diinagdee
Sadarkaa Biyyoolessaatti Qamadii Jallisii Boneen lafti hektaarri miliyoona 4 ol ni misooma
Nov 25, 2025 76
Sadaasa 16/2018(TOI )-Bara bajataa 2018 qabametti lafa hektaara miiliyoona 4 ol irratti Qamadiin Jallisii boneen akka Misoomu Ministeerri Qonnaa beeksise. Ministirru Qonnaa Addisuu Araggaa, Ministirri Jallisii fi Naannoowwan Gammoojjii Dr.Abrihaam Balaay, Ministirri Bishaanii fi Albuudaa Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hoggantooni olaanoo federaalaa fi Naannoo Amaaraa fi bulchiinsa godina sablammii Oromoo Aanaa Daawaa caffaatti facaasaa qamadii bonee har’a eegalchiisaniiru. Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa sagantaa jalqabsiisaa kanarratti akka ibsanitti, bara kana akka biyyaatti lafa hektaara miiliyoona 4 tuqaa 2 ol qamadii jallisii boneen omishuuf hojiin facaasaa gaggeeffamaa jira. Haala Makaanaayizeeshiniin deeggarameen misooma jallisii misoomurraa callaan kuntaala miiliyoona 175 ol akka eegamu ibsaniiru. Hojii hanga ammaatti hojjetameen lafti hektaara miiliyoona 1 caalu facaafamuu ibsaniiru. Omishtummaa misooma Qamadii guddisuun hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu fi gabaa Alaaf dhiheessuu xiyyeeffannoon raawwatamaa jira jedhaniiru. Kanaanis amman dura lafa qamadiin misoomee hin beekne gara misoomatti galchuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Har’a naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina bulchiinsa sablammii Oromootti hojiin misoma jallisii bonee gaggeeffamaa jiru agarsiistuu kanaa ta’uu kaasaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Bulchaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaan kilaastara baadiyaa Dr. Diras Saahiluu gamasaaniin, naannichatti lafa hektaara kuma 350 ol ta’u jallisii qamadii boneen misoomsuuf hojjetamaa jira. Misoma jallisii kanarraa callaa kuntaala miiliyoona 13 tuqaa 6 ol argachuuf karoorfamuu ibsuun, omishtummaa guddisuuf dhiheessiin galtee fi teekinooloojii taassifamaa jira jedhaniiru. Bulchaa Godina sablammii oromoo Obbo Ahimad Alii akka ibsanitti, misooma jallisii tekinooloojiin deeggaruun nyaataan of danda’uurra darbee omisha gabaaf gahu omishuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis misooma jallisii boneen lafa hektaara kuma 12 ol irratti qamadii misoomsuuf karoorfamee hojiin facaasaa eegalamuu ibsaniiru. Qonnaan bulaaf teekinooloojii fi galtee dhiheessuun wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee omishasaa gabaaf akka dhiheessuuf deeggarsii fi hordoffiin taassifamaa jira jedhaniiru.
Qajeeltoon guddinaa Itiyoophiyaan imala gara badhaadhinaatti taasistuuf hordoftu kallattii guddina magariisaa bu’uura godhatedha- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 25, 2025 76
Sadaasa 16/2018(TOI )- Qajeeltoon guddinaa Itiyoophiyaan imala gara badhaadhinaatti taasistuuf hordoftu kallattii guddina magariisaa bu’uura kan godhate ta’uu itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee sagantaa beekamtii fi galateeffannaa raawwii karoora bara 2017 Abbaa Taayitaa bunaa fi shayii Itiyoophiyaarratti argamaniiru.   Wayituma kana, xiyyeeffannoo addaa Mootummaan jijjiiramaa damee qonnaatiin misooma bunaaf kennee fi tumsa qindaa’aa qooda fudhattootaan waggoottan darban jijjiiramoota dinqisiisoo galmeessifneerra jedhan.   Omishtummaan baay’ee dabaleera, qonnaan bultonni buna omishan misooma bunaan abdii kutachuu keessa bahanii hara’a miliyeenara ta’aa akka jiran ibsuun, bara baajataa 2017 seenaa keenya keessatti yeroo jalqabaaf buna toonii kuma 470 gara Alaatti erguun, galii doolaara biiliyoona 2 tuqaa 65 argameera jedhan. Bu’aan kun hanga omishaanis ta’e galiin seenaa haaraan kan raawwatame dha jedhaniiru.   Bara baajataa qabametti buna toonii kuma 600 erguun galii doolaara biiliyoona 3 ol argachuuf galma qabanne milkeessuuf qulqullina fooyyesuu fi sona itti dabaluun gara alaatti eguun xiyyeeffannoo ta’uusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru. Itiyoophiyaan Addunyaarraa Omisha Bunaan, Shayii fi mi’essituun adda duree tassisuuf qajeeltoo saffisaa fi qulqullinaan tattaaffii waloo cimsuun itti fufsiiuu akka barbaachisu ibsaniiru.
Fooyyessi dinagdee Mandhalee dameen Bunaa guddaa akka fooyya’u taasiseera-Doktar Kaasahuun Goofee
Nov 25, 2025 65
Sadaasa 16/2018 (TOI)-Sagantaan beekamtii raawwii karooraa bara bajataa 2017 Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa gaggeeffameera. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo, oomishtoonii fi alergitoonni Bunaa, sagantaicharratti kan argaman yoo ta’u,alergitoonni daldala alergii Bunaa raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtiin kennameera. Ministirri daldalaa fi walitti hihamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee wayita kana dubbii dubbataniin mootummaan fooyya’iinsa dinagdee mandhalee gochuunsaa damee Bunaa guddaa dadammaqseera jedhaniiru. Milkaa’inni guddaan waggoota afurii asitti daldala alergii Bunaan galmaa’aa jiru kanneen Buna omishaniif abdii ta’aa jira jedhaniiru. Milkaa’inni daldala alergii bara bajataa 2017 argame tarkaanfii mootummaan oomishuurraa amma gabaatti fudhateen dhamaatii qonnaan bulaa fi qooda fudhattoota damichaan ta’uu dubbataniiru. Xiyyeeffannoon jiddugaleessichaa fuulduraa mekaanaayizeeshinii Bunaa bal’isuu fi bunarratti sona dabaluun erguu akka ta’e ibsaniiru. Ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii gabaa bal’isaa jira kan jedhan ministirichi, piroomooshinii walitti fufaa fi gabaa bal’isuun cimee itti fufa jedhaniiru. Daarektarri abbaa taayitaa bunaa fi Shaayee Dr. Addunyaa Dabalaa, Itiyoophiyaan sanyiiwwan Bunaa dhamdhama addaa akka qabdu dubbataniiru. Jijjiiramaan asitti Bunni Itiyoophiyaa gabaa addunyaarratti barbaadamnisaa dabaluu eeranii, bara bajataa 2017 buna toonii kuma 470 erguun galii doolaara biiliyoona 2 tuqaa 65 argachuun milkaa’inni guddaan galmaa’eera jedhan. Damee Kanaan jijjiirama bu’uraa fiduun rakkoo bittaa fi gurgurtaa bunaarra jiru furuun milkaa’ina argame ta’uu eeraniiru. Bunni utubaa dinagdee biyyaa ta’uusaa mirkaneessaa jira kan jedhan daarektarri olaanaa kun, oomishaalee Bunaa fi Shaayee qulqulluu gabaa alaaf dhiheessuun cimee itti fufa jedhan.
Sanyii filatamoon omishaa fi omishtummaan isaanii mirkanaa’e hedduumminaan baay’ifamaa jiru
Nov 25, 2025 47
Sadaasa16/2018(TOI )- Wabii nyaataa mirkaneessuuf Sanyiiwwan filatamoon omishaa fi omishtummaan isaanii mirkanaa’e hedduumminaan baay’ifamaa jiraachuu Korporeeshinii Hojiiwwan Qonna Itiyoophiyaatti Waajjirri Damee Ardaa’itaa ibse. Korporeshinichi gama qonnaan akka biyyaatti galma qabame fulla’aa gochuun guddina hunda galeessa mirkaneessuuf tattaaffii taassifamuun qooda irraa eegamu qabatamaan bahaa jiraachuu hubachiiseera.   Korporeeshiniin Hojiiwwan Qonna Itiyoophiyaatti bakka bu’aan Waajjira Damee Ardaa’itaa Addisuu Gaarradoo sanyii filatamaa baay’isuu fi qulqullinaan omishuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun tarkaanfii murteesaa ta’uu dubbataniiru. Korporeeshinichi bara omishaa qabametti sanyii filatamaa kuntaala kuma 460 baay’isuuf karoorsuu eeruun, yeroo ammaa lafa hektaara kuma 20 irratti sanyii midhaan filatamaa gahan walitti qabaa jiraachuu beeksiseera. Waajjiri dameeArdaa’itaa sanyiiwwan qamadii, ija goommanaa fi Garbuu baay’isuun guutuu biyyattiitti dhaqqabsiisaa jiraachuu ibseera.   Waajjirri damee sanyiiwwan hundeessuun dura, hundeessuu fi kan hundeefamee jedhaman lafa hektaara kuma 3 fi 100rratti baay’isaa jiraachuu ibsameera. Kanaanis callaa kuntaala kuma 90 ol argachuuf karoorsuu obbo Addisuu Gaarradoo dubbataniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti Wabii nyaataa mirkaneessuuf karoora qabame galmaan ga’uuf korporeeshinichi qooda irraa eegamu gumaachaa jiraachuu ibsaniiru. Sanyii filatamaan Waajjira dameetti baay’ifamaa jiru haala qilleensaa fi gosa biyyee bakkeewwan guutuu biyyattiitttiin kan wal simatu waan ta’eef qisaasama omishaa hir’isuun qulqullinni midhaanii akka mirkaneessu dubbataniiru. Sanyiiwwan Filatamoo Korporeeshinichi Raabsu callaa guddaa argamsiisuun hangaa fi qulqullina omisha qonnaan bulaa kan guddisan ta’uu ibsaniiru. Sanyii filatamaan omishtummaa Qonnaa guddisuuf bu’uura guddaa ta’uu eeraniiru.   Waajjira Damee Ardaa’itaatti ogeessi mekaanaayizeeshinii olaanaan Obbo Saraawwit Jimaa gamasaaniin, adeemsi omisha walitti qabuu kombaayineerota 13n deeggaramuun raawwatamaa jiraachuu dubbataniiru.   Kunis qisaasama omishaa hanbisuun qulqullina eeguuf qooda olaanaa gumaachaa jira jedhaniiru. Korphoreeshinichi galteewwan qonnaa fi meeshaalee qonnaa ammayaa dhiheessuun akkasuamas tajaajila Mekaanayizeeshinii qindaa’aa kennuun wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda isarraa eegamu bahachaa jira.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Harariitti lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniiru
Nov 25, 2025 49
Sadaasa 16/2018(TOI)-Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariitti lammiileen kuma torbaa fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi fudhatanii xumuranii waraqaa ragaa argachuu isaanii Ejansiin Innoveeshinii fi Teekinooloojii naannichaa ibseera. Hogganaa Ejansichaa obbo Jamaal Ibraahiim TOItti akka himanitti, naannichatti laanjii Itiyoo Koodarsi kan fudhatan hanga ammaatti lammiilee kuma 16 ta’uu eeraniiru. Lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniirus jedhan. Bara bajataa kanatti dargaggoota naannichaa kuma 15 ol fayyadamoo taasisuuf karoorfamuukan ibsan obbo Jamaal, ji’oota afran darban keessatti dargaggoonni kuma 6 fi 500 ol leenjii kanaan fayyadamoo ta’uu himaniiru. Sagantaa kanaan pirogiraamiingii, saayinsii daataa, Andirooyidii, hubannoo namtolchee(AI) fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti leenjiin akka kennamus ibsaniiru. Leenjichi dargaggoota ogummaa gonfachiisuun dabalatatti, dorgomtootaa fi kalaqa irratti akka hirmaataniif carraa hojii haaraa akka uumaan taasisa jedhan. Sagantaan leenjii Itiyoo Koodarsi miliyoona shan naannichatti akka karoorfametti hojiirra oolaa jiraachuus akeekaniiru. Dargaggoonni leenjii naannichatti hin fudhannes gara fuulduraatti galmaa'anii leenji'uun carraa argame irraa fayyadamoo akka ta'an itti gaafatamaan naannichaa waamicha dhiyeessaniiru. Leenjiin koodaroota miliyoona shan kun dargaggoonni sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta’an taasisaa akka jirus ni beekama.
Qulqullina Tajaajila fayyaa  eegsisuuf  dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti  xiyyeeffachuu qabu
Nov 24, 2025 126
Sadaasa15/2018(TOI )-Qulqullina tajaajila fayyaa eegsisuuf dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti xiyyeeffachuu akka qaban Barsiisonni damee fayyaa hubachiisan. Waltajjiin marii Kenninsa Barnoota Fayyaa Ammayyeessuun ogeeyyii gahomani horachuurratti xiyyeeffate magaala Ambootti gaggeeffameera. Waltajjii marii kanarratti kan hirmaatan Kolleejjii Fayyaa Yunvarsiisttii Ambootti Gargaaraan Piroofeesaraa Muluu Kitaabaa, tajaajila fayyaa Qulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabamaa taassisuuf damichaan humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Hojiirra oolmaasaatiif qooda fudhattoota Dhaabbilee Barnoota Olaanoo waliin qindoomuun humna namaa horachuuf hojii qorannoo fi qo’annoo qabatamaan deeggarame hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Kenninsa Barnoota fayyaa ammayyeessuun hojii fayyaa dhukkuba ittisuu fi yaalanii fayyisuu Mootummaan hojiirra oolche milkeessuuf bu’uura ta’uu dubbataniiru. Waltajjiin marii Qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame qaama kanaa ta’uu eeruun Yunvarsiitiin Amboo gama Kanaan kenninsa Barnoota fayyaa qorannoo fi qo’annoon deeggaruun yericha wajjin wal-simsiisuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru. Kessumaa Yunvarsiitiin Amboo, Yunvarsiitii Jimmaa fi yuunvarsiitii Noorweey V.I.D. waliin hojjechuun barattoota damee fayyaa Digirii 2ffaa fi 3ffaa baratan hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessan rakkoo hawaasaa qabatamaan akka furaniif hojiin gorsaa waloon raawwatama jedhaniiru. Yunvarsiitii Kolleejjii fayyaa Jimmaatti Gargaaraan pirofeesaraa Abbabaa Abarraa gamasaaniin, Barnoota fayyaa bu’aa qabeessa taassisuuf tumsi hayyootaa fi qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin marii qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame kenninsa barnoota fayyaa qabatamaan deeggaruunii fi hojii qorannoo fi qo’annoo sagantaa guutuun olitti rakkoo hawaasaa kan furan yaada galtee imaammataa akka ta’aniif kan deeggaru ta’uu eeraniiru. Barsiisaa fi qorataa Yunvarsiitii Noorweey Dr.Tasfaayee Lataa kenninsa barnoota fayyaa teekinooloojii Ammayyaa yericha gituun deeggaruun kennamuun ogeeyyii cimoo fi gahumsa qaban horachuuf akka deeggaru ibsaniiru. Kanaanis tumsi Yuunvarsiitonni eegalan damicha fooyyessuun gumaacha gaarii qabaata jedhaniiru.
Tajaajilli wiirtuun tokkoo Masoob  magaalaa Jimmaa ifaajii fi dadhabbii hambisuun, yeroo fi humna keenya nuuf qusateera-Tajaajilamtoota
Nov 20, 2025 253
Sadaasa 11/2018(TOI)- Wiirtuun tajaajila tokkoo (MESOB),magaalaa Jimmaa ifaajiifi dadhabbii hambisuun, yeroofi humna nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni magaalaa Jimmaa. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sirna teeknooloojiin deeggaramuun, dhimmoota kenniinsa tajaajilaa irratti komii fi hudhaalee gama kanaan hawaasni kaasaa ture, hojmaata itti fufiinsa qabuun furuuf kan qophaa’e dha. Kenniinsa tajaajilichaa ilaalchisee turtii TOI waliin kan taasisan fayyadamaan wiirtuu sanaa obbo Mo’aaz Jihaad lakkoofsa gibiraa baafachuuf akka dhaqan himuun, tajaajila argatanitti gammaduun yeroo isaanii kan qusateef ta’uu dubbataniiru. Fayyadamaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob dargaggoo Asras Yohaannis, gama isaatiin, eeyyama konkolachisaa haaromsachuuf gara dhaabbatichaa kan deeme ta’uu eeruun, kanaan dura kenniinsa tajaajilaa waliin walqabatee hudhaaleen turan, wayita ammaa yeroo gabaabaa keessatti keessummeeffamuu ragaa baheera. Kenniinsi tajaajilichaas ammayyaa fi si’ataa waan ta’eef itti fufuu akka qabus dhaameera. Fayyadamtoota biroo aadde Indiyaa Mohaammad Amiinii fi aadde Kamiilaa Jamaal, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob yeroo fi rakkina odeeffannoo barbaaduu fooyyesseera jedhan. Tajaajilli kanaan dura ture beellama yeroo dheeraa qabsiisuu ture, ifaajii fi rakkoo hamaaf nu saaxilaa ture, amma garuu tajaajila si’ataa argachuun, yeroo fi maallaqa nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni kunniin. Kenniinsa tajaajilaa argatanittis gammadoo ta’uu isaanii himaniiru. Tajaajilii si’ataa fi ariifataan akkanaa jalqabame itti fufuu akka qabu dhaamaniiru. Magaalaa Jimmaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoobitti , itti aanaa hojii gaggeessaa obbo Jamaal Saaliin akka jedhanitti, tajaajilli ammayyaa kun bifa guutuu ta'een, ogeessota leenji'anii fi teeknooloojiin deeggaramee kennamaa jira. Itti dabaluunis tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob kun waajjiraalee 25 keessatti tajaajila gosa adda addaa 130 ol ta’een, teeknooloojiin deeggaramuun kennamaa jira jedhan. Kunis hojmaata badaa hambisuunii fi itti quufinsa tajaajila maamilaa guddisuun shoora olaanaa bahataa jira jedhaniiru obbo Jamaal.  
Ispoortii
Piriimar liigii Itiyoophiyaa torban 7ffaan har’a eegala
Nov 25, 2025 61
Sadaasa 16/2018(TOI )-Piriimar liigii Itiyoophiyaa torban 7ffaan oolmaasaa guyyaa jalqabaan taphoonni sadii ni gaggeeffamu. Guyyaa sa’aatii 9:00 Magaalaan Adaamaa Magaala Baahir daar waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Hawaasaatti taphatu. Magaalaan Adaamaa liigichatti taphoota ja’a gaggeesseen yeroo lama yoo Injifatu yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan sadiin qixa adda bahaniiru. Taphichaan galchii sadii yoo lakkoofsisu galchii lama keessummeesseera. Garichi qabxii sagaliin sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Baahir Daar bara dorgomichaatti tophoota ja’a gaggeesse yeroo lama injifatee yeroo tokko mo’amee yeroo sadii qixa baheera. Galchii sagal yoo lakkoofsisu galchii torba keessummeesseera. Magaalaan Baahir Daar qabxii sagaliin morkataasaa qabxii galchiin caalee sadarkaa 8ffaa qabateera. Sagantaa biroon Walaayittaa Diichaan Walwaloo Addugiraat Yunvarsiitii waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istadiyeemii Finfinneetti ni taphatu. Liigichaan walaayittaa diichaan hanga ammaatti tapha tokkoyyuu hin injifanne. Yeroo afur yoo injifatamu tahoota hafan lamaan qixa baheera. Taphichaan galchii 4 yoo lakkoofsisu galchii 9 keessummeesseera. Garichi qabxii lamaan sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gadiirratti argama. Morkataansaa Walwaloo Adda Giraat Yunvarsiitiin Liigichaan taphoota jaha gaggeesseen yeroo shan mo’amee yeroo tokko qixaan baheera. Galchii lama yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera. Walwaloon qabxii tokkoon sadarkaa dhumaa 20ffaa qabateera. Gareewwan lamaan liigichaan injifannoosaanii jalqabaa galmeessisuuf ni taphatu. Galgala sa’aatii 12:00tti Madin Itiyoophiyaan Negellee Arsii waliin Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasatti ni taphatu. Injifataan liigicha yeroo yeroo ammaa madin itiyoophiyaan taphoota shan ligichaan gaggeesseen yeroo lama yoo mo’atu yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan lamaan qixa adda baheera. Galchii shan lakkoofsisee galchii Afur keessummeesseera. Madin tapha wal qixxeessituu tokko jijjiiree qabxii saddeetiin sadarkaa10ffaa qabateera. Morkataansaa Nagallee Arsii bara dorgommichaatti taphoota jaha gaggeessee keessaa yeroo tokko qofa injifateera. Yeroo lama mo’amee qabxii sadii qooddateera. Taphichaan galchii Afur yoo lakkoofsisu galchii shan keessummeesseera. Gareen guddattuu haaraan qabxii ja’aan sadarkaa 13ffaa qabateera. Sagantaa torban 7ffaan hanga sadaasa 18 bara 2018 ni tura. Liigichatti Bunni sidaamaa qabxii 13 dursaa jira. Maqalee Sabandartaan, Magaalaa Arbaa Minci, Walaayittaa Diichaa fi WAlwaloo Addigiraat Yunvarsiisttiin sadarkaa 17ffaa hanga 20ffaa qabachuun sadarkaa gadbu’aarra jiru.
Oolmaa guyyaa lammaffaa torbee 8ffaa Piriimiyerliigii dubartootaa
Nov 25, 2025 39
Sadaasa 16/2018(TOI)- Piriimeerliigii dubartootaa Itiyoophiyaa torbee saddeettaffaan har’a taphoonni sadii istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni gaggeeffama. Ganama keessaa sa’aatii afur irraa eegalee Arbaa Mincii fi Dirree Dawaan taphachaa jiru. Magaalaan Arbaa Minci taphoota liigii 7 taphateen taphoota lama injifachuun afur mo'amuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u, tapha tokkoon walqixa baheera. Taphoota taphateen galchii shan lakkoofsisuun,12 immoo keessummeesseera. Garichi qabxii 7n sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataan isaa Magaalli Dirree Dawaa tapha liigichaa taphateen lama mo’achuun, yeroo shan yoo mo’atamu, galchiiwwan jaha galchuun, 12 immoo keessummeesseera. Kilabni Magaalaa Dirree Dhawaa qabxii jahaan sadarkaa 11ffaa qabateera. Tapha biraatiin kilabni Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Lidataa waliin har’a waaree booda sa’aatii 7:00tti ni taphatu. Magaalaan Adaamaa tapha waggaa kanaan taphoota hanga ammaatti taphateen taphoota torba yeroo injifatu, taphoota afur immoo injifatameera. Tapha tokko immoo walqixa bahuun, taphoota taphateen galchii afur yeroo lakkoofsisu,14 immoo keessummeesseera. Garichi qabxii torbaan sadarkaa 10ffaa qabateera. Kutaan magaalaa Lidataa taphoota irratti hirmaate keessaa tapha tokko qofa mo’eera. Yeroo afur mo’amuun yeroo lama immoo walqixa baheera. Garichi qabxii shaniin sadarkaa 12ffaa irra jira. Tapha har’aa xumuraan Magaalaan Finfinnee fi Bunni Yirgaa caffee sa’aatii 9:00tti ni taphatu. Magaalaan Finfinnee taphoota liigii 7 taphate keessaa yeroo tokko injifachuun 6 mo'ameera. Galchii sadii galchuun,15 immoo itti lakkaa’ameera. Garichi qabxii sadiin sadarkaa dhumaa 14ffaa qabateera. Gareen haaraan guddachhaa jiru, Bunni Yirgaacaffee hanga ammaatti liigichaan tapha tokko qofa injifateera. Yeroo lama mo’amuun,taphoota afur qixa bahaniiru. Taphoota kanneen keessattis galchii lama qofa kan galche yoo ta’u, galchiin jaha itti lakkaa’ameera. Bunni Yirgaacaffee qabxii torbaan sadarkaa saddeettaffaa qabateera.
Gulaallii Zoonii Seekaafaatti har’a taphoonni Afur gaggeeffamu 
Nov 24, 2025 87
Sadaasa 15/2018(TOI )-Keessummeessummaa Itiyoophiyaatiin gulaalliin tapha waancaa seekaaffaa 16ffaa waggaa 17 gadii har’a guyyaa 10ffaa qabateera. Ramaddii tokkoffaan Ruwaandaan Somaaliyaa waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Ramaddichaan taphoota lama gaggeeffameen kan mo’amte Ruwaandaan qabxii malee sadarkaa isa dhumaa 5ffaa qabatteetti. Taphoota sadiin qixaa kan bahe gareen Somaaliyaa gamasaan qabxii sadiin sadarkaa 3ffaa qabateera. Ramaddii Kanaan guyyaa sa’aatii 10:00 Keeniyaan Sudaan Kibbaa waliin Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Taphaoota lamaan qabxii Afur kan argate keeniyaan qabxii Afuriin sadarkaa 2ffaa, Sudaan kibbaa qabxii tokkoon sadarkaa 4ffaa qabateera. Ramaddicha Itiyoophiyaan qabxii toorbaan dursaa kan jirtu tapha ramaddii 4ffaan boqonnaa ni fudhatti. Haaluma wal fakkaatuun ramaddii lamaanTaanzaaniyaan Buruundii waliin guyyaa sa’aatii 10:00 istaadiyeemii internaashinaalii Dirree Dawaatti taphatu. Taanzaaniyaan ramaddichaan qabxii sagaliin dursaa jirti. Taphoota lamaan qabxii sadii kan argatte Buruundiin sadarkaa 3ffaa qabatteetti. Taanzaaniyaan garichaan gara walakkaa xumuraatti darbuuf carraa fooya’aa qabdi. Galgala sa’aatii 1:00tti Jibuutiin Sudaan waliin Istaadiyeemii Internaashinaalii Dirree Dawaatti ni taphatu. Haaluma wal-fakkaatuun Ramaddiisaaniin taphota lamaan kan mo’aman Jibuutii fi Sudaan idaa galchii qabaniin wal caalanii sadarkaa 4ffaa fi 5ffaa qabataniiru. Qabxii jaha qabattee sadarkaa 2ffaarraatti kan argamtu Yugaandan marsaa Kanaan biyya boqottudha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 278
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.  
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 249
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 232
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru.   Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fiduuf kutannoo qabdi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 14, 2025 243
Sadaasa 5/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan waltajjii Koop 32 irratti jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fi qabatamaa fiduuf kutannoo akka qabdu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan Koop 32 akka keessummeessitu hawaasni Addunyaa itti gaafatama guddaa waan nuuf kenneef kabajni nutti dhagahama jedhaniiru. Afriikaan bara 2025 konfaransii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (Koop 30) Biraazil irratti sagalee tokkoon dubbatteetti, Addunyaanis ishee dhaggeeffateera jedhaniiru.   Bakka bu’oota biyyoota Afriikaa gaaffii Itiyoophiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 2027 Finfinneetti Koop 32 keessummeesuuf gaafatte guutummaatti deeggaran galateeffataniiru. Rakkoowwan Jireenya namaa keessatti baay’ee barbaachisan keessaa tokko furuun akka danda’amu tattaaffii waloo gaggeessuuf carraa waan arganneef ni galateeffanna jedhaniiru. Hawaasni addunyaa itti gaafatama guddaa kana waan nuu kenneef kabajni nutti dhagahama jedhan Ministirri muummee. Beekamtii kana kutannoo cimaa Itiyoophiyaan haala qilleensaarratti qabdu, hooggansaa fi qophiilee idil addunyaa ijoo keessummeessuuf dandeettii dilbii qabdu agarsiisa jechuun cimsanii ibsaniiru. Kanaaf waltajjiin koop 32 Itiyoophiyaan keessummeessitu jijjiira haala qilleensaarratti tarkaanfii waloo kan jajjabeessu bu’aa cimaa fi qabatamaa fiduuf guutummaatti kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15528
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 177
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015