ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Sirni Dinagdee hedduumminaa Itiyoophiyaa Qabeenyi Albuudaa Utubaa guddinaa kan itti ta’u carraa murteessaa Uumeera
Mar 31, 2026 129
Bitootessa 22/2018 (ENA)- Sirni Dinagdee hedduumminaa Itiyoophiyaa Qabeenyi Albuudaa Utubaa guddinaa kan itti ta’u carraa murteessaa Uumuusa hayyoonni dame kanaa ibsan. Hayyoonni damee kanaa ENA’f akka ibsanitti; misoomni qabeenya Albuudaa Itiyoophiyaa omishtummaa damichaa kakaasuun, qabeenya uumamaa bal’aa gara fayyadamummaatti jijjiiruun milkaa’ina argamsiisaa jira. Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknoolojii Finfinneetti barsiisaan kutaa Barnoota Jii’oolojii fi Injiinariingii Albuudaa, Doktar Girmaa Waldatinsaa’ee; jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaan qabeenya uumamaasheetti akka fayyadamtu carraa uumeera jedhaniiru. Sirni dinaggee hedduumminaa Itiyoophiyaas hanqina hoj-maataa misooma qabeenya Albuudaa furuun, oomishtummaa daldalaa fi invastimantii qabeenya uumamaa mijataa uumuusaa ibsaniiru. Qabeenyi uumamaa guddina biyyaa keessatti gahee ijaarsaa akka bahaaniif haalli dandeessisu uumamuunsaa, Qabeenya Albuudaa adda baasuun Sirna Bulchiinsaa madaalawaa uumuuf kan dandeessise ta’uu himaniiru. Gumaacha qabeenyi albuudaa guddina biyyaatiif taasisu dabaluuf, bu’a qabeessummaa daldalaa fi invastimantii damichaa kan mirkaneessan hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo cimanii itti fufuu akka qaban dhaamaniiru. Keessumaa tattaaffii fooyya’insa walitti hidhamiinsa gatii qabeenya albuudaa taasifamu keessatti, nageenya naannoo fi itti fufiinsa isaa eeguun, qooda fudhattoonni damee kanaa qindoominaan hojjechuun akka irra jiraatu hubachiisaniiru. Invastimantii damee Albuudaatti hoji-geessaan kaampaanii dhuunfaa Ardiikoo Doktar Wadaajee Abbabaa ce’umsa dinaggee Itiyoophiyaa keessatti dameen albuudaa gaheesaa kan itti gumaachu haalli mijataan uumameera jedhaniiru. Sirni dinaggee hedduuminaa Itiyoophiyaa fi fooyya’insi diinagdee gooroo, omishtummaa Invastimantii Albuudaatiif carraa murteessaa uumuusaanii ibsaniiru. Kanaaf hojii qorannoo fi qo’annoo bu’a qabeessa ta’e gaggeessuun, kaka’umsa omishtummaa qabeenya uumamaatiin uumame caalaatti cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Fuuldurattis omishtummaa qabeenya Albuudaa itti fufsiisuuf, humna namaa damee kanaan ogummaa qabuu fi teknoolojii horachuun akka barbaachisu dubataniiru.
Mootummaan rakkoo dhiheessii boba’aa sababa waraana giddu gala bahaa fi rakkoo idil addunyaan mudate damdamachuuf murtoo furnaataa dabarse
Mar 31, 2026 111
Bitootessa 22/2018(ENA)- Mootummaan rakkoo dhiheessii boba’aa sababa waraana giddu gala bahaa fi rakkoo idil addunyaan mudate damdamachuuf murtoo furnaataa dabarsuusaa ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ibsan. Waraannii fi al-tasgabbiin giddu galeessa bahaa gabaa fi dhiheessii boba’aa biyya keenyaarratti dhiibbaa gahuu danda’u akkasumas kallattiiwwan mootummaan hordofu ilaalchisuun ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ENA’f ibsa kennaniiru. Kutaan addaa dhiheessii fi raabsii boba’aa hordofu, tarkaanfii fudhatuu fi dameelee boba’aan dursa kennamuuf adda baasu hundeeffamuusaa ifoomsaniiru. Hanqina dhiheessii boba’aa mudate sochii hawaasummaa fi dinagdee lammiilee irratti dhiibbaa akka hin geessifnee fi haqa qabeessummaan gaggeessuuf mootummaan har’aa eegalee hojiirra kan oolu murtoo dursi kennamuufii danda’u dabarsuusaa ministirichi ifoomsaniiru. Haala Kanaan- 1. Konkolaattonni boba’aa fe’an buufatarratti hunda dura dursi akka kennamuuf, 2. Oomishtoonni olaanoo fi dhaabbileen alergitootaa kallattiidhaan, 3. Pirojektoonni mootummaa fi dhuunfaa xiyyeeffannoo addaa barbaadan kallattiin, 4. Konkolaattonni daldala alergii fi alaa galu dabalatee oomishaalee guyya guyyaa fe’an, 5. Tiraaktaroota qonna ammayyeessan, 6. Konkolaattota geejjibaa magaalaa fi qaxxaamura biyyaa, 7. Akkasumas konkolaattonni geejjiba ummataa Naafxaan hojjetan dursa boba’aa akka argatan kan taasisu hojmaanni fayyadama boba’aa dursa akka argatan taasisu hojiirra akka oolu ibsaniiru. Bittaa fi dhiheessii boba’aan wal qabatee hoggantoota dabalatee namoonni 658 to’annaa jala kan oolan yoo ta’u, boba’aan liitira kuma 720 caalu qabamee mootummaaf galii ta’eera jedhaniiru. Hawaasarraa kan eegamus akkasiin ifoomsaniiru- 1) Boba’aa qusannoon itti fayyadamuu, 2) Filmaattota humna haaromfamaa fayyadamuu, 3) Aadaa lafoo deemuu gabbifachuu, 4) Sagantaa imala hin barbaachifnee dhaabuu, 5) Geejjiba ummataatti fayyadamuu, 6) Gocha seeraan alaa bittaa fi gurgurtaa boba’aarratti mul’atan saaxiluun mootummaa waliin akka hojjetu waamicha taasisaniiru.
Dameen Turizimii diinagdee maddisiisuu akka danda’uuf nageenyaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba - Bulchaa Ordiin Badirii
Mar 31, 2026 95
Bitootessa 22/2018 (ENA): Dameen Turizimii diinagdee maddisiisuu akka danda’uuf nageenyaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhani bulchaan naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin. Ministeerri Nageenyaa mata duree "Turizimii Nageenyaa Ijaarsa Biyyaaf"mata duree jedhuun namoota dhiibbaa miidiyaa hawaasaa uumuu qabaniif magaalaa Harar keessatti sagantaa marii fi daawwannaa qopheesseera. Sagantaan kun namoonni dhiibbaa miidiyaa hawaasaa uumuu danda’an hawwata turizimii fi iddoowwan seena qabeessa naannoo sanaa daawwachiisuudhaan ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha isaanii akka bahatan kan taasisudha. Magaalaan Harar magaalaa nageenyaa saboonni amantaa, aadaa fi afaan adda addaa qaban waliin jiraatanidha jedhan obbo Ordiin Badiriin. Keessumaa fageenya gabaabaatti manneen amantaa adda addaa akka jiran eeruun,kunis waliif yaaddoo osoo hin taanee waliif yaaduun kan jiraatan ta’uu ibsaniru. Hambaalee lama hambaa idil-addunyaatti kan galmeessifte magaalattiin,bakkeewwan hawwata turizimiishee gara diinagdeetti jijjiiruun diinagdee naannichaa ariifachiisuu qabdi jedhani. Hawaasni addunyaa waggoota 500 dura bakka hambaa Jugool ijaaruu danda’uun isaa olka’iinsa qaroomina yeroo sanaa agarsiisa jedhan. Haa ta’u malee, bakkeewwan hawwata turizimii naannichatti argamu sirnaan misoomsuun itti fayyadamuuf nageenyi faayidaa olaanaa qaba jedhani. Sagantaan akkanaa iddoowwan hambaa beeksisuu fi gumaachi gatii nageenyaa olaanaa akka ta’es ibsaniiru. Filannoon biyyaalessaa itti aanu karaa nagaa ta’een milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena
Hojiiwwan misoomaa milkaa’oo waggoottan jijjiiramaatti Naannichatti galmaa’an itti fufiinsa akka qabaataniif hayyoonni gaheesaanii cimsuu qabu
Mar 31, 2026 100
Bitootessa 22/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti Milkaa’inni hojiiwwan Misoomaa waggootaan jijjiiramaa keessa galmaa’an akka itti fufaniif hayyoonni gahee isaanii cimsuu akka qaban ibsame. Marii Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jirurratti Hoggantoonni ol’aanoo Naannoo Oromiyaa fi Hayyoonni Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo hirmaachaa jiru. Waltajjiicharratti Hoogganaan damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akka ibsanitti; waggoota jijjiiramaa darban keessa naannichatti gama hundaan milkaa’inni misoomaa galmaa’eera. Keessattuu hojiiwwan misoomaa dameewwan Qonnaan, Barnootaa fi Fayyaan raawwataman fayyadamummaa ummataa haala fooyya’aa ta’een guddisuusaanii dubbataniiru. Naannichatti rakkooleen qulqullina Barnootaa waliin wal qabatan furmaata waaraa akka argataniif Manneen Barootaa Bu’uura Booruu Naannicha hunda keessatti bal’inaan ijaaramuu yaadachiisasaniiru. Rakkoolee kenniinsa tajaajilaan wal qabatee jiru furuuf tajaajil wiirtuu tokkoo "Masoob" babal’isuu fi tajaajila dijitaalaa dhiyeessuun bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inoonni kunneen cimanii akka itti fufaniif, Hayyoonni qorannoo fi qo’annootiin deeggaruun gahee isaanii ba’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Waltajjicharratti barreeffama marii kan dhiheessan Hogganaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa doktar Abdulaziiz Daawud; hojiiwwan misoomaa naannichatti namarratti xiyyeefatamanii hojjetamaa jiran bu’aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu, Innisheetivii misooma Qonnaa haaraa waggoota jijjiiramaa keessa hojiirra oolan wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa taphachuusaanii dubbataniiru. Misoomni qamadii bara 2010n lafa hektaara miiliyoona 1 tuqaa 9 qofarrtti omishamaa kan ture, amma jallisii babal’isuungara hektaara miliyoona 6 tuqaa 3tti guddisuun danda’amuusaa akka fakkeenyaatti eeraniiru. Milkaa’inni kun kan argame waggaatti yeroo lamaa fi isaa ol oomishuun waan danda'ameef ta'uu eeruun, dhaloota dhufuu dinagdee fooyya’aa dhaalchisuuf hundi waliin socho’uu akka qabu dhaamaniiru.
Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Qaala'iinsa jireenyaa To'achuuf kallattii Imaammata Maallaqaa Cimaa qabate akka itti fufsiisu ibse
Mar 31, 2026 109
Bitootessa 22/2018 (ENA): Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa biyyattiitti qaala’insa jireenyaa to’achuuf kallattii imaammata maallaqaa cimaa qabate akka itti fufu beeksise. Koreen imaammata maallaqaa baankichaa walgahii idilee 6ffaa isaa har’a gaggeesseera. Ibsa koreen kun baaseen, qaala'iinsi jireenyaa waliigalaa dhuma baatii Bitootessaa gara dhibbeentaa 9.7tti gadi bu'uu ibseera. Qaala'iinsi jireenyaa biyya keessaa gadi bu'aa jiraatus, waldhabdeen Baha Giddugaleessaa fi daballiin gatii boba'aa fi meeshaalee shagaxaa irratti dhiibbaa geessisuu akka malu akeekeera. Kanarraa kan ka’e koreen kun imaammata maallaqaa cimaa ta’e(Tight Monetary Policy) itti fufsiisuuf murteesseera. Baankiin Biyyaalessaa imaammata maallaqaa cimaa ji’oota darban hojiirra oolchaa ture cimsuun haala qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu biyyattii keessatti mul’ate daran tasgabbeessuuf akka itti fufu beeksiseera. Hamma dhala ka’umsaa baankichaa (NBR) akkuma jirutti akka itti fufuu fi hamma baankonni dhala komii qaban (NPL) hir’isuun sirni faayinaansii nageenyummaan isaa eeggame akka itti fufu akeekkachiiseera. Koreen kun balaa dinagdee addunyaa waldhabdee yeroo ammaa Baha Giddu Galeessaa keessatti uumamuu malu dammaqinaan hordofuun barbaachisaa ta’uus hubachiiseera. Mootummaan bulchiinsa baajataa of eeggannoo qabu akka itti fufu, liqii kallattiin Baankii Biyyaalessaa irraa fudhachuu akka dhaabu, dorgommii sharafa alaa guddisuuf tattaaffii haaromsaa eegalame akka itti fufu koreen kun yaada dhiyeessera. Barreeffamni guutuun Korichi ibsa miidiyaaleef kenne walgahii idilee 6ffaa koree imaammata maallaqaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:
Siyaasa
Sirni filannoo Meeshaa Ijaarsa Aadaa Dimookiraasii abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessu dha - Paartiilee Siyaasaa
Mar 31, 2026 283
Bitootessa 22/2018 (ENA): Sirni filannoo Meeshaa ijaarsa aadaa dimookiraasii qabatamaan abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessu ta’uu Paartiileen Siyaasaa ibsan. Akka sagantaa yeroo Boordii Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaatti, filannoo waliigalaa baranaa kan sagaleen itti kennamu Caamsaa 24 bara 2018 keessatti, galmeen filattootaa Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee adeemsifamaa jira. Kanaanis appilikeeshinii “Mircaayeenii” fi buufatalee filannootti argamuun hanga Bitootessa 18 bara 2018tti walii gala filattoonni miiliyoona 28 ol galmaa’uusaanii boordichi beeksiseera. Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan Paartilee Siyaasaa Morkattootaa dorgoman 47 ta’an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934galmeessisuun,filannoowwan Miidiyaatti fayyadamanii imaammatasaanii uummata beeksisaa jiru. paartileen siyaasaa dorgomtoonni Adeemsa filannoo ilaalchisuun (ENA) waliin turtii taasisaniin,filannoo waliigalaa 7ffaa kana irratti dorgomtoota dammaqoo ta'uuf qophii taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Pireezidantiin Paartii Dhaloota Haaraa fi Walitti qabaan Mana Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo SalamoonTafasaa,filannoon adeemsa Dimookiraasii Abbummaan Aangoo Uummataa itti mirkanaa'u dha jedhaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaas galmee kaadhimamtootaa fi filattoota filannoo walii galaa 7ffaa Sirna Dijiitaalaa dabalatee gaggeessuun, haala filannoo dandeessisu uumuusaa ibseera. Kanaafis, filannoo waliigalaa Baatii Caamsaatti gaggeeffamu kanaaf dimookiraasummaasaa eegsisuuf qophii dursa barbaachisu xumuruun adeemsichatti hirmaannaa ho’aa taasisaa jiraachuu isaanii dubbataniiru. Itti gaafatamaan waajjira Paartii Dimookiraasii Uummata Qucaa Baandiraa Balachoo gamasaaniitiin,Jijjiiramnibiyyaalessa Itiyoophiyaa sirna hedduumina paartiileef dorgommii mijataa fi hirmaachisaa ta'e uumuusaa kaasaniiru. Kanaanis, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dorgommii olaantummaa yaadaa irratti hundaa'e taasisuun, ijaarsa Sirna Dimookiraasiitiif gahee ijaaraa gamasaanii akka bahatan mirkaneessaniiru. Barreessaa fi Itti gaafatamaan Quunnamtii Uummataa Paartii Dimokiraatawaa Itiyoophiyaa Tokkoo barsiisaa Salamoon Aniibaal; jijjiiramni biyyaalessa Itiyoophiyaa hundeeffama paartiisaaniitiif dirree siyaasaa bal'aa uumuusaa ibsaniiru. Filannoon waliigalaa torbaffaan Abbummaa Aangoo Uummataa mirkaneessuun, ce’umsa siyaasaa qaroome taasisuuf waltajjii murteessaa ta’uusaa dubbataniiru. Sirni filannoo meeshaa Ijaarsa Aadaa Dimookiraasii Abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessudha kan jedhan itti gaafatamaan kun, adeemsa filannoo keessatti faayidaa biyyaalessaa fi tokkummaa uummataatiif xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhaniiru. Waltajjiiwwan falmii Miidiyaaleen qopheessan filannoowwan Imaammataa paartilee uummata waliin walitti fiduun, shaakala dimookiraasii dhalootaaf darbu gumaachaa jiraachuu ibsaniiru. Paartileen Siyaasaa waltajjiwwan falmii miidiyaalee yaadaa , Imaammataa bilchaataa uummataa fi biyya ceessisu dhiheessuun itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.
Itiyoophiyaan Yaa’ii 11ffaa dhaabbilee haggantoota biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifikii irratti dammaqinaan hirmaatteetti - Ambaasaaddar Isheetee Xilahuun
Mar 30, 2026 888
Bitootessa 21/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Yaa’ii 11ffaa dhaabbilee haggantoota biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifikii irratti dammaqinaan hirmaachuu ishee biyyoota Beenluuksittii fi dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti argamaa addaa FDRI, ambaasaaddar Isheetee Xilahuun ibsani. Yaa'iin 11ffaan dhaabbile hoggantoota biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifik mata duree "kan jijjiiramee fi haarome Yaa'ii dhaabbilee hoggantoota biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifik Addunyaa Qormaanni itti hedduummate " mata duree jedhuun Bitootessa 19 fi 20, 2018 Ikuwaatooriyaal Giinii Maalabootti gaggeeffameera. Konfiraansii kana irratti argamuun haasaa kan taasisan pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen, dhaabbatichi dinagdee fi siyaasa addunyaa jijjiiramaa jiru keessatti dantaa biyyoota miseensa isaa eegu jaarmiyaa cimaa ta’ee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Ambaassaaddar Isheetuun yaada piresidaanti kennan yaada ijaarsaa fi biyyoota miseensaa sana fayyadu ta’uu himaniiru. Biyyi kamuu qophaa ishee dhaabbachuu hin dandeessu kan jedhan ambaassaaddarri kuni, dantaa biyyaalessaa biyya keenyaa fayyaduu kan danda’urratti biyyoota biroo waliin hojjechuun barbaachisaa dha jedhani.
Hojiin dhaabbilee utubaa ijaarsa mootummaa ta'an ijaaruu fi gurmeessuu kutannoo addaatiin raawwatameera - Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Mar 30, 2026 503
Bitootessa 21/2018 (ENA): Hojiin dhaabbilee utubaa ijaarsa mootummaa ta’an ijaaruu fi gurmeessuu kutannoo addaatiin raawwatamuusaa Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa beeksise. Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Rippabiliika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa (FDRE) ibsa mata duree Jijjiirama Siyaasaa hunda hirmaachisaa Bu'uura Biyyoolessaa Cimaaf jedhu baaseera. Barreeffamni guutuun Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa akka armaan gadiitti dhiyaateera: Jijjiirama Siyaasaa hirmaachisaa Bu'uura Biyyaalessaa Cimaaf Mootummaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa biyyi keenya rakkoo siyaasaa hundee gadi fageeffate keessa turte irraa gara sirna dimokiraatawaa guutuutti ceesisuuf galmoota tarsiimoo kaa’e ciminaa fi milkaa’ina guddaadhaan hojiirra oolcheera. Ce’umsi seena qabeessi kuni milkaa’inni inni guddaan seeneffama siyaasaa namoota adda qoodu ture jaarraa hedduuf Itiyoophiyaa rakkisee ture cabsuun tokkummaa biyyaalessaa lammiin kamuu fi naannoon hundi aangoo fi qabeenya wal qixa horachuu danda'u ijaaruudha. Jijjiiramni kun injifannoo bu’uuraa Itiyoophiyaan qe’ee namoota muraasaa osoo hin taane kan hunda keenyaa ta’uu qabatamaan mirkaneesseedha. Injifannoowwan ijaarsa seeneffama waloo kan nagaa waaraa fi birmadummaa sabaa mirkaneessuuf dhaloota gidduutti riqicha ta’ee tajaajilu keessatti galmaa’an bu’aa siyaasaa guddaa mootummaa ce’umsaa ti. Seenaawwan ala ta’an jaarraa hedduuf waldhabdee keessatti wal-xaxaa turan diigamanii, bakka isaaniitti seeneffama waloo seenaa fi hambaa hunda keenyaa yaadatu qabatamaan guddateera. Haala kanaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Hidhi Haaromsaa Guddichii fi bakkeewwan turizimii gurguddoon Sagantaa Maaddii Shaggar,Maaddii Biyyaa fi Maaddiin Dhaloota irratti ijaaraman boonsaa sabaa waliin qabnu guddiseera. Godaannisa darbe yaaluun fayyisuu; adda addummaa miidhaginaan hammachuudhaan Waltajjii Marii Biyyaalessaa itti fufee jir; suuta suutaan Mariin biyyaalessaa shakkii fi qoqqoodinsa jiru gara 'obbolummaa fi badhaadhina waloo' mirkanaa'etti akka ceesisuuf hojiin hojjetamaa jira. Hojiin dhaabbilee utubaa ijaarsa mootummaa ta’an ijaaruu fi gurmeessuu kutannoo addaatiin hojjetamaa tureera. Keessattuu haaromsi dhaabbilee nageenyaa, haqaa fi dimokiraasii ummataa fi seera qofaaf akka bitaman taasifame jijjiirama qabatamaa bu’uuraa fideera. Haaluma kanaan dhaabbileen dimokiraatawaa kanneen akka Boordii Filannoo fi Komishiniin Mirga Namoomaa hoggansa walabaa jalatti hundeeffamuun, dhaabbileen ittisaa fi nageenyaa aangoo biyyaalessaa isaaniitiin ala gidduu seenummaa siyaasaa kamirraayyuu bilisoomsuun, sirna haqaa walaba ta’ee akka hojjetu diriirsuun fakkeenyota haaromsa dhaabbilee keenyaati. Jijjiiramni siyaasaa bu’uurraa jijjiirame kuni, tasgabbii keessoo fi waliigaltee biyyaalessaa irratti hundaa’e Itiyoophiyaan balaa jiraachuu ishee mudate akka mo’attu taasiseera. Bilchina siyaasaa fi cimina hooggansaatiin dandeettii birmadummaa keenya kabachiisuuf qabnu guddifachuun dandeettii imaammata mootummaan raawwachuu agarsiisuu qofa osoo hin taane, biyyattii sadarkaa guddinaa fooyya’aa ta’etti ceesiseera. Injifannoowwan siyaasaa kunniin bu’aa kallattiin nagaa walqabataa keessoo keessatti argame, bal’ina iddoo siyaasaa fi dhaabbilee cimsuu irraa kan ka’e yoo ta’u, imala biyyi keenya gara badhaadhinaatti taasiftuuf bu’uura kaa’aa jiru. Walumaagalatti, guddinni siyaasaa kunniinii fi bu’aan dadhabbii kunniin Itiyoophiyaa gara muuxannoo dimokiraasii haaraa fi fooyya’aa ta’etti ceesiseera. Guddinni hirmaannaa paartilee morkattootaa, fudhatamummaa mootummaan uummata biratti qabu guddachaa dhufuu isaaf agarsiiftuu waan ta’eef, kuni immoo milkaa’ina tattaaffii haaromsaa imala keenya gara badhaadhinaatti taasifnuuf wabii amanamaa dha. Mootummaan daandii dimokiraasii fi badhaadhina kana cimsee itti fufuun itti gaafatamummaa seena qabeessa Itiyoophiyaa badhaatuu fi birmadummaan ishee kabajame kan dhaloota dhufuuf mijatu ijaaruu itti fufa. Bitootessa 21/2018 Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa.
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa waltajjii falmii paartilee siyaasaa gaggeessuu eegale
Mar 27, 2026 2001
Bitootessa 18/2018(ENA) – Waltajjiin falmii boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse filannoon walii galaa torbaffaa dhufu caalaatti hammataa fi hirmaachisaa akka ta’u gochuuf kan yaadame falmii filannoo paartilee siyaasaa kan jalqabaati. Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Hayiluu wayita kana, boordichi baatiiwwan darban muraasa waltajjii falmii kana qopheessaa turuusaa ibsaniiru. Kaka’umsi kun paartileen siyaasaa yaada imaammataa qaban ummataaf kan itti ibsan carraa uumuun paartileen ejjennoosaanii beeksifachuuf akka gargaaruu fi ummanni filatus hubannoo caalaa akka argatu haala mijataa akka uumu eeraniiru. Akka walitti qabduun boordii kun jedhanitti, boordichi paartilee filannoo walii galaa torbaffaarratti dorgoman deeggaruuf leenjii dabalatee paartileen falmii yaalii akka gaggeessan carraa uumeera. Waltajjichi Paartilee siyaasaa, bakka bu’oota hawaasa Siviilii fi barattoota dhaabbilee barnootaa walitti fiduun dirreen siyaasaa akka bal’atu gumaacha gaarii akka taasisu ibsaniiru. Waltajjiin falmii kun qama filannoon Walii galaa biyyaalessaa caalaatti hammataa fi hirmaachisaa karaa ta’een akka gaggeeffamu tattaaffii taasisaa jiruu ta’uu walitti qabduun boordii kun ibsaniiru.
Adeemsi Marii Ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraay Finfinneetti Gaggeeffama
Mar 27, 2026 1252
Bitootessa 18/2018 (ENA): Adeemsi Marii Ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraay Bitooteessa 23 hanga 25, 2018 Finfinneetti akka gaggeeffamu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise. Adeemsa marii naannoo Tigraayitti gaggeeffamuuf jiru ilaalchisee komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a miidiyaaleef ibsa kenneera. Adeemsichi hirmaachisaa fi hunda kan hammatee akka ta’uuf hojiin Komishinichi hanga ammaatti hojjechaa ture milkaa’aa ta’uu Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaan ibsaniiru. Hojiin kun aanaa irraa eegalee haala ummata hirmaachisuun hojjetamaa akka tures ibsaniiru. Lammiileen Naannoo Tigraay keessatti argaman adeemsa marii kanarratti hirmaachuuf mirga guutuu kan qaban ta’uu fi bu’a qabeessummaa adeemsichaaf gumaacha gaarii gumaachuu isaanii ibsaniiru. Komishinarri Olaanaan kun ibsa kennaniin Komishinichi adeemsa marii naannoo Tigraay keessatti eegaluu fi haala mijataa uumuuf tattaaffii bal’aa taasisaa turuu yaadachisaniiru. Bulchiinsa yeroo naannichaa, paartilee siyaasaa naannicha keessatti socho’anii fi qooda fudhattoota biroo magaalaa Maqalee fi Finfinnee waliin mariin yeroo 22 ol adeemsifamuu isaa hubachiisaniiru. Haa ta’u malee, tattaaffiin kun adeemsi naannicha keessatti gaggeeffamuuf haala mijataa waan hin uumneef, adeemsi ajandaa walitti qabuu fi filannoo bakka bu’ummaa Finfinneetti akka gaggeeffamu murtaa’eera. Adeemsi marii ajandaa walitti qabuu naannichatti Bitootessa 23 hanga 25, 2018 Finfinneetti akka gaggeeffamu beeksisaniiru. Adeemsa Bitootessa 23 irraa eegalee gaggeeffamu kana irratti qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran hundi dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Itiyoophiyaa fi Faransaay nageenya eegsisuu irratti tumsa tarsiimoo cimsuuf waliigaltee mallatteessan
Mar 27, 2026 1033
Bitootessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Faransaay walta’iinsa biyyoota lamaanii damee nageenya eegsisuu irratti qaban gara walta’iinsa tarsiimootti guddisuuf har’a waliigaltee biyyoota lamaanii mallatteessaniiru. Waliigaltee kana Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa Mahaammadii fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay Aleeksiis Laameech mallatteessaniiru. Waliigaltichi miseensonni Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa ergama nagaa eegsisuutti bobbaafaman qophii hojii isaanii guddisuu fi dandeettii idil-addunyaa isaanii daran cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Waliigaltee kanaan ragaaleen leenjii Inistiitiyuutii Leenjii Deeggarsa Nagaa Idil-addunyaa (IPSTI) fi Mana Barumsaa Leenjii Mul’ataa (CTS) irraa kennaman sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii kan argatan yoo ta’u, hojiin qorannoo sadarkaa idil-addunyaatti kan gaggeeffamu ta’a. Waliigaltichi ragaaleen leenjii Wiirtuun Nageenya Eegumsa Itiyoophiyaa kennan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afriikaa biratti beekamtii olaanaa akka qabaatanis kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Milkaa’ina kanaaf mootummaan Faransaay deeggarsa teeknikaa fi meeshaa barbaachisaa ta’e kan kennu yoo ta’u, dandeettii nageenya eegsistoota dirree waraanaa keessatti balaa fanjii dhoo’au irraa of eeguu guddisuuf xiyyeeffannoon addaa ni kennama. Waliigalteen kun dippilomaasii waraanaa cimaa biyyoota lamaan gidduu jiru irratti kan hundaa’edha. Itiyoophiyaan ergama nageenya eegsisuu idil-addunyaa keessatti adda duree ta’uun hirmaachuu ishee fi loltoota nageenya eegsistoota addunyaa adda duree ta’an biratti argamuun ishee itti fufuun tumsa kana cimsuuf sababa ta’uun kaafamaniiru. Waliigalteen kun gumaacha Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii addunyaaf qabdu caalaatti bu’a qabeessa akka taasisu himama. Kana malees, michummaa biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture sadarkaa haaraatti akka ceesisu ibsameera jedha odeeffannoon ENA’n Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaa irraa ” irraa argate. #Ena Afaan Oromoo#TOI#Ena
Magaalummaa fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’uura cimaa irratti ijaaramaa jiru jireenya fooyya’aa dhalootaatiif bu’uuradha – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Mar 27, 2026 800
Bitootessa 18/2018 (ENA) – Magaalummaan fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’ura cimaarratti ijaaramaa jiru dhalootaaf jireenya fooyya’aa akkasumas badhaadhina biyyaaf bu’uura ta’uu isaa Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa hubachiise. Tajaajilichi odeeffannoo karaa miidiyaa hawaasaa isaa qoodateen; hojii guddaan misooma magaalaa fi kooridarii biyyattiin hojjechaa jirtu, bifa biyyattii jijjiiruu bira darbee sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii seena qabeessadha jedheera. Odeeffannoon tajaajilli komunikeeshinii mootummaa qoode guutummaansaa kunoo- Magaalummaa fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’ura cimaa irratti ijaaramaa jiru, dhalootaaf jireenya gaarii fi badhaadhina biyyaaf bu’uura dha Hojiin misooma magaalaa fi kooridarii bal’aan Itoophiyaan gaggeessaa jirtu, bifa biyyattii jijjiiruu bira darbee, jireenya lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii seena qabeessa fudhatame dha. Magaalonni bifa hiyyummaa yeroo dheeraaf ittiin beekamaa turan gama jijjiiruutiinii fi jiraattotaaf mijataa fi hawwataa ta’anii akka gurmaa’an mootummaa bajata guddaa ramaduu fi humna namaa qindeessuun hojjechuun danda’ameera. Keessumaa hojiileen bu’uuraalee misoomaa diriirsuu, haaromsaa magaalaa, naannolee miidhagsuu, hojiileen suphaa bakkeewwan seenaa fi hambaalee Fnfinnee fi magaalota guguddoo birootti hojjetaman akkasumas hojiin misooma kooridarii hojjetamaa jiran ni eeramu. Hojii bu’uuraalee misoomaa kanaan, hawaasni bishaan dhugaatii qulqulluu, daandii fooyya’aa, tajaajila fayyaa sadarkaa gaarii qabu, barnoota qulqulluu fi humna ibsaa akka argatu taasifameera. Gama biraatiin kallattii Ministirrri Muummee doktar Abiy Ahmed kaa’aniin waggoota jijjiiramaa saddet darban keessatti hojiiwwan misoomaa hedduun kan raawwataman yoo ta’u isaan keessaa hojii magaalaa miidhagsuu isa ijoo dha. Xiyyeeffannoon Hojii misooma kooridarii fi haaromsaa magaalaaf kenname magaalota Itiyoophiyaa gurguddoo qofa osoo hin taane magaalota 78 keessatti hojiirra ooleera. Misoomni kooridarii kun jireenya magaalotaa duubatti hafaa jijjiiruun jireenya ammayyaa uumuurra darbee eeggumsa naannoo, jijjiirama yaadaa, fi naannoo jireenyaa mijataa uumuun gumaacha guddaa qaba. Kunis jireenya gaarii lammiilee abdii itti horuun alatti madda boonsaa ta’ee jira. Akkasumas lammiileen biyyoota biraa dinqisiifannaa guddaa itti agarsiisaniiru. Haaromsaa fi suphaan dhaabbilee seenaa, duudhaa isaanii eeguun dhalootaaf dabarsuu fi miidhagina magaalaa dabaluun turistoota hawachuu danda’eera. Kanaanis turistoonni hedduun yeroo dheeraaf Itiyoophiyaa keessa akka turan gochuun galiin guddaa akka argamu taasisuun danda’ameera. Bu’aa badhaadhinaa kana itti fufsiisuuf hojii dabalataa ciminaan hojjechuun barbaachisaa dha. Itiyoophiyaan Afriikaaf fakkeenya badhaadhinaa ta’uu fi mul’atashee milkeessuuf, hirmaannaan lammiilee murteessaa waan ta’eef, tumsa cimaa itti fufsiisuun barbaachisaa dha. Walumaagalatti, imalli badhaadhina magaalummaa Itiyoophiyaan eegalte dhaloota dhufu xiyyeeffannoo keessa galchuun kan raawwatame yoo ta’u, mootummaa teeknooloojii dijitaalaa fi sirna hojii ammayyaa walitti qindeessuun, magaalonni keenya bakka turizimii fi invastimantii ta’uurra darbanii wiirrtuu carraa hojii mijataa fi madda boonsaa akka ta’an gochuuf tattaaffii walirraa hin cinne akka taasisu ni mirkaneessa.
Dargaggoonni filannicha irratti dammaqinaan akka hirmaataniif hojiin hojjetamaa jira
Mar 26, 2026 1290
Bitootessa 17/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dargaggoonni dammaqinaan akka hirmaatan hojiin hojjetamaa jiraachuu Manni Maree Dargaggoota Naannoo Somaalee beeksise. Pireezidaantiin Mana Marichaa Mahaammad Ahimad Nuur adeemsa dimokiraatawaa filannoof hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis manni marichaa hojii dadammaksuu gaggeessaa akka jiru ENAtti himeera. Dargaggoonni biyyaa kan bakka bu’an ta’uu isaanii hubatanii sochii waliigalaa biyyattii keessatti dammaqinaan hirmaachuu akka qaban hubachiisaniiru. Filannoo irratti hirmaannaa isaanii cinaatti tajaajila tola ooltummaa isaanii itti fufuun akka isaan irraa eegamus akeekeera.

Hawaasummaa
Dameen Turizimii diinagdee maddisiisuu akka danda’uuf nageenyaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba - Bulchaa Ordiin Badirii
Mar 31, 2026 95
Bitootessa 22/2018 (ENA): Dameen Turizimii diinagdee maddisiisuu akka danda’uuf nageenyaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhani bulchaan naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin. Ministeerri Nageenyaa mata duree "Turizimii Nageenyaa Ijaarsa Biyyaaf"mata duree jedhuun namoota dhiibbaa miidiyaa hawaasaa uumuu qabaniif magaalaa Harar keessatti sagantaa marii fi daawwannaa qopheesseera. Sagantaan kun namoonni dhiibbaa miidiyaa hawaasaa uumuu danda’an hawwata turizimii fi iddoowwan seena qabeessa naannoo sanaa daawwachiisuudhaan ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha isaanii akka bahatan kan taasisudha. Magaalaan Harar magaalaa nageenyaa saboonni amantaa, aadaa fi afaan adda addaa qaban waliin jiraatanidha jedhan obbo Ordiin Badiriin. Keessumaa fageenya gabaabaatti manneen amantaa adda addaa akka jiran eeruun,kunis waliif yaaddoo osoo hin taanee waliif yaaduun kan jiraatan ta’uu ibsaniru. Hambaalee lama hambaa idil-addunyaatti kan galmeessifte magaalattiin,bakkeewwan hawwata turizimiishee gara diinagdeetti jijjiiruun diinagdee naannichaa ariifachiisuu qabdi jedhani. Hawaasni addunyaa waggoota 500 dura bakka hambaa Jugool ijaaruu danda’uun isaa olka’iinsa qaroomina yeroo sanaa agarsiisa jedhan. Haa ta’u malee, bakkeewwan hawwata turizimii naannichatti argamu sirnaan misoomsuun itti fayyadamuuf nageenyi faayidaa olaanaa qaba jedhani. Sagantaan akkanaa iddoowwan hambaa beeksisuu fi gumaachi gatii nageenyaa olaanaa akka ta’es ibsaniiru. Filannoon biyyaalessaa itti aanu karaa nagaa ta’een milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena
Finfinneen hunda hirmaachisaa fi agarsiiftuu mul'ata misoomaa fageessanii yaaduu magaalaa keenyaati - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Mar 31, 2026 73
Bitootessa 22/2018 (ENA): Finfinneen hunda hirmaachisaa fi agarsiiftuu mul'ata misoomaa fageessanii yaaduu magaalaa keenyaati jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsani. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin Finfinneen magaalaa guddoon oli jedhani. Itti dabaluunis Finfinneen magaalaa saffisaan guddachaa jirtu, gara Itiyoophiyaa boruutti seensa; biyya saffisaan jijjiiramaa jirtu; wirtuu dhahannaa onnee ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa saffisaan babal’isuun, furmaata magaalaa ammayyaa dhiyeessuun, manneen jireenyaa hunda hammate ijaaruu fi guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessuun har’a qofaaf osoo hin taane, dhaloota egereef hojjechaa jirra jedhaniiru. Magaalonni keenya Itiyoophiyaatti argaman haala namoota gahoomsuu, dandeettii itti fayyadamuu fi badhaadhina itti fufiinsa qabu mirkaneessuun bocamuu isaaniis dubbataniiru. Biyyi keenya bakka guddinnii fi hambaan wal cinaa itti deemanidha; bakka qaroominni durii bu’uura milkaa’ina ammayyaa ta’etti dha jedhani. Akkasumas lafa eebba lakkaawamee hin dhumne abbootiin qabeenyaa kallattii hundaan dameelee adda addaatiin carraa bal’aa fi hin tuqamne itti argatan ta’uu beeksisaniiru. Daandiiwwan magaalaa Finfinnee irraa hanga daangaa biyyaatti, ciminaa fi cichoominaan,hirmaannaa si’ataan filmaatawwan daldalaa qopheessuun Itiyoophiyaan isin eegdi jechuun ergaa dabarsaniiru. Magaalaan Finfinnee wiirtuu dippilomaasii Afrikaa ta’uun Ardii guddachaa jirtu addunyaa waliin kan walqunnamsiistu ta’uus himaniiru. Itiyoophiyaan gara karra seensa gabaa tarsiimoo Afrikaa waan taateef, michuuwwan wiirtuu idil addunyaa akka taatus ishee taasiseera jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Itiyoophiyaan carraawwaniin ol kan ta’e qabatteetti kan jedhani Ministirri Muummee, innis waan haaraa argachuu fi baasuu dha jedhani. Asitti egeree ijaaraa jirra! Itiyoophiyaatti invastii godhaa;Itiyoophiyaa Daawwadhaa;Itiyoophiyaa waliin guddadhaa jechuun waamicha dhiyeessaniiru Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Tarkaanfiiwwan Itiyoophiyaan hamma isheen geessu ifa baasan!
Mar 31, 2026 109
Bitootessi 24/2010 seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaan haaraan itti labsame qofa osoo hin taane, jalqaba jijjiirama Itiyoophiyaan gara pirojektoota misooma tarsiimootti ceetu kan ta’e ture. Hojiileen misoomaa waggoota saddeet darban keessatti hojjetaman dandeettii fi gahumsa Itiyoophiyaan qabdu gara hojii qabatamaatti seenuu "gahumsa biyyaalessaa qixaan " kan agarsiisani dha. Yeroo jijjiirama biyyaalessaa kana keessatti hojii ijoo ta’ee kan fudhatamu Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuruuf tarkaanfii bilchaataa fudhatame dha. Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa qabsoo guddaal ammiileen Itiyoophiyaa dhiibbaa dippilomaasii fi qormaata keessootti osoo hin injifatamiin dhugaa waloo itti ijaaranidha kan milkeessani dha. Mootummaan jijjiiramaa hawaasa dadammaksuunii fi hogganuun hojii xiiqii dhalootaa kan ta’e Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuruun agarsiiseera. Kunis taatee guddaa waltajjii addunyaa irratti amanamummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa irra deebi'ee kan mirkaneesse dha. Gama biraatiin, sababa xumuramuu Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatiin ifni abdii damboobe hojii magaalota Itiyoophiyaa keessati eegalame gara fuulduraatti saffisiisuuf carraa uumeera. Har’a misoomni koridaraa magaalota Itiyoophiyaa keessatti amala ammayyaa ta’aa jira. Magaalonni Itiyoophiyaa jaarraa hedduuf quucaranii kan turani dammaquun daandii miilaan deeman, daandii biskileetii, fi bashannana ummataa of keessatti hammataniiru. Itiyoophiyaan Mallattoo ummata gurraacha ta’uun, Afrikaanonni qaroomina isaanii haala yeroo wajjin walsimuun guddifachuun akka fakkeenyaatti fudhachuu danda’an taateetti. Milkaa’inni damee qonnaa keessatti oomishtummaa qamadii guddisuu keessatti galmaa’e injifannoo Itiyoophiyaa kadhaa irraa gara of danda’uurra darbe biyyoota biroof kennuutti kan jijjiire ta’ee jira. Hojiin xaa’oo biyyee oomishuuf eegalame injifannoo damee qonnaatiin galmaa’e daran kan cimsu dha. Pirojektoonni akka "Maaddii Biyyaaf" fi "Maaddi Dhalootaaf” kanneen jedhaman jedhaman bareedina uumamaa Itiyoophiyaa gara qabeenyaatti jijjiiraniiru. Itiyoophiyaan amma Afrikaa keessatti wiirtuu saayinsii ta'aa jirti; Erga Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee (AI) hundeeffamee yeroo gabaabaa keessatti gara ijaarsa Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolcheetti ceeteetti. Bitootssa 24, 2010 irraa eegalee oduu gammachiisaan samii Itiyoophiyaa jalatti mul'ate kun komii lammiilee bara dheeraaf deebii kennee, ammas guddummaa Itiyoophiyaa dirree addunyaa irratti mul'iseera. Tarkaanfiiwwan jijjiiramaa kunniin milkaa'ina misoomaa guddaa kaayyoo "Itiyoophiyaa hamma humna ishee guutummaatti mul'isuuf" hojjetamanii galma ga'aniidha.
Tajaajilli Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Tajaajila Baasii nuuf Hir'isee fi ifaajii nuuf hambise dha - Fayyadamtoota Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo ( Masoob) Magaalaa Harar
Mar 30, 2026 463
Bitootessa 21/2018 (ENA): Fayyadamtoonni Tajaajila Giddugala iddoo Tokkoo Magaalaa Harar akka jedhanitti Tajaajilli Giddugala iddoo Tokkoo( Masoob) tajaajila baasii isaaniif hir’isee fi rakkina deeddeebii hambise ta’uu dubbatani. Kunis tajaajila akka barbaannutti akka argannu nu taasiseera jedhani. Tajaajila Giddugala wiirtuu Tokkoo (Masoob) Magaalaa Harar keessatti kennamaa jiru ilaalchisee ENA’n fayyadamtoota, hojjettootaa fi hoggantoota dhimmi ilaallatu dubbiseera. Maamiltoota tajaajila kana fayyadamaa jiru ENA’n dubbise keessaa dargaggeessi Girmaa Takilee tokko yoo ta’u, giddugalichatti tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu akka argate dubbateera. Giddugalichi baasii fi rakkina akka hir’ise eeruun, sirnoota ammayyaatiin kan hidhate ta’uu isaas isa gammachiise; akkasumas dhimmoota adda addaa wiirtuu tokko keessatti qulqullinaa fi saffisaan dhiyeessuu danda’uun aadaa hojii haaraa ta’uu eereera. Tajaajilamatoota kan biraan obbo Wandiyyee Dassaalenyii fi obbo Mulugeetaa Taayyee gama isaaniin akka himanitti, Kenniinsa tajaajilaa wiirtuu tokkoo bakka tokkotti argamu ammayyaa ta’uu ibsaniiru. Tajaajila gaariin wiirtuu tokkotti dhimmoota adda addaa xumuruu fi kanaan dura nama dhamaasu ture hafuun yeroo ammaa sirna ajaa’ibaa ta’uu kan himan fayyadamtoonni, sirna kana hojiirra oolchuuf mootummaa galateeffataniiru. Hogganaan Tajaajila Giddugala wiirtuu Tokkoo Magaalaa Harar obbo Akiraam Mahaammad akka ibsanitti, yeroo ammaa giddugalichatti tajaajilli adda addaa 35 kennamaa jira jedhani. Fayyadamtoonni hedduun haala kanaan tajaajilamaa akka jiran hubachiisuun; gara fuulduraatti lakkoofsi dhaabbilee fi gosoota tajaajilaa dabaluuf qophiin taasifamaa jira jedhan. Tajaajilli Giddugala tokkoo(Masoob) Magaalaa Harar Sadaasa 2, 2018 eebbifamee tajaajilaaf banamuu isaa ni beekama.
Diinagdee
Sirni Dinagdee hedduumminaa Itiyoophiyaa Qabeenyi Albuudaa Utubaa guddinaa kan itti ta’u carraa murteessaa Uumeera
Mar 31, 2026 129
Bitootessa 22/2018 (ENA)- Sirni Dinagdee hedduumminaa Itiyoophiyaa Qabeenyi Albuudaa Utubaa guddinaa kan itti ta’u carraa murteessaa Uumuusa hayyoonni dame kanaa ibsan. Hayyoonni damee kanaa ENA’f akka ibsanitti; misoomni qabeenya Albuudaa Itiyoophiyaa omishtummaa damichaa kakaasuun, qabeenya uumamaa bal’aa gara fayyadamummaatti jijjiiruun milkaa’ina argamsiisaa jira. Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknoolojii Finfinneetti barsiisaan kutaa Barnoota Jii’oolojii fi Injiinariingii Albuudaa, Doktar Girmaa Waldatinsaa’ee; jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaan qabeenya uumamaasheetti akka fayyadamtu carraa uumeera jedhaniiru. Sirni dinaggee hedduumminaa Itiyoophiyaas hanqina hoj-maataa misooma qabeenya Albuudaa furuun, oomishtummaa daldalaa fi invastimantii qabeenya uumamaa mijataa uumuusaa ibsaniiru. Qabeenyi uumamaa guddina biyyaa keessatti gahee ijaarsaa akka bahaaniif haalli dandeessisu uumamuunsaa, Qabeenya Albuudaa adda baasuun Sirna Bulchiinsaa madaalawaa uumuuf kan dandeessise ta’uu himaniiru. Gumaacha qabeenyi albuudaa guddina biyyaatiif taasisu dabaluuf, bu’a qabeessummaa daldalaa fi invastimantii damichaa kan mirkaneessan hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo cimanii itti fufuu akka qaban dhaamaniiru. Keessumaa tattaaffii fooyya’insa walitti hidhamiinsa gatii qabeenya albuudaa taasifamu keessatti, nageenya naannoo fi itti fufiinsa isaa eeguun, qooda fudhattoonni damee kanaa qindoominaan hojjechuun akka irra jiraatu hubachiisaniiru. Invastimantii damee Albuudaatti hoji-geessaan kaampaanii dhuunfaa Ardiikoo Doktar Wadaajee Abbabaa ce’umsa dinaggee Itiyoophiyaa keessatti dameen albuudaa gaheesaa kan itti gumaachu haalli mijataan uumameera jedhaniiru. Sirni dinaggee hedduuminaa Itiyoophiyaa fi fooyya’insi diinagdee gooroo, omishtummaa Invastimantii Albuudaatiif carraa murteessaa uumuusaanii ibsaniiru. Kanaaf hojii qorannoo fi qo’annoo bu’a qabeessa ta’e gaggeessuun, kaka’umsa omishtummaa qabeenya uumamaatiin uumame caalaatti cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Fuuldurattis omishtummaa qabeenya Albuudaa itti fufsiisuuf, humna namaa damee kanaan ogummaa qabuu fi teknoolojii horachuun akka barbaachisu dubataniiru.
Mootummaan rakkoo dhiheessii boba’aa sababa waraana giddu gala bahaa fi rakkoo idil addunyaan mudate damdamachuuf murtoo furnaataa dabarse
Mar 31, 2026 111
Bitootessa 22/2018(ENA)- Mootummaan rakkoo dhiheessii boba’aa sababa waraana giddu gala bahaa fi rakkoo idil addunyaan mudate damdamachuuf murtoo furnaataa dabarsuusaa ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ibsan. Waraannii fi al-tasgabbiin giddu galeessa bahaa gabaa fi dhiheessii boba’aa biyya keenyaarratti dhiibbaa gahuu danda’u akkasumas kallattiiwwan mootummaan hordofu ilaalchisuun ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ENA’f ibsa kennaniiru. Kutaan addaa dhiheessii fi raabsii boba’aa hordofu, tarkaanfii fudhatuu fi dameelee boba’aan dursa kennamuuf adda baasu hundeeffamuusaa ifoomsaniiru. Hanqina dhiheessii boba’aa mudate sochii hawaasummaa fi dinagdee lammiilee irratti dhiibbaa akka hin geessifnee fi haqa qabeessummaan gaggeessuuf mootummaan har’aa eegalee hojiirra kan oolu murtoo dursi kennamuufii danda’u dabarsuusaa ministirichi ifoomsaniiru. Haala Kanaan- 1. Konkolaattonni boba’aa fe’an buufatarratti hunda dura dursi akka kennamuuf, 2. Oomishtoonni olaanoo fi dhaabbileen alergitootaa kallattiidhaan, 3. Pirojektoonni mootummaa fi dhuunfaa xiyyeeffannoo addaa barbaadan kallattiin, 4. Konkolaattonni daldala alergii fi alaa galu dabalatee oomishaalee guyya guyyaa fe’an, 5. Tiraaktaroota qonna ammayyeessan, 6. Konkolaattota geejjibaa magaalaa fi qaxxaamura biyyaa, 7. Akkasumas konkolaattonni geejjiba ummataa Naafxaan hojjetan dursa boba’aa akka argatan kan taasisu hojmaanni fayyadama boba’aa dursa akka argatan taasisu hojiirra akka oolu ibsaniiru. Bittaa fi dhiheessii boba’aan wal qabatee hoggantoota dabalatee namoonni 658 to’annaa jala kan oolan yoo ta’u, boba’aan liitira kuma 720 caalu qabamee mootummaaf galii ta’eera jedhaniiru. Hawaasarraa kan eegamus akkasiin ifoomsaniiru- 1) Boba’aa qusannoon itti fayyadamuu, 2) Filmaattota humna haaromfamaa fayyadamuu, 3) Aadaa lafoo deemuu gabbifachuu, 4) Sagantaa imala hin barbaachifnee dhaabuu, 5) Geejjiba ummataatti fayyadamuu, 6) Gocha seeraan alaa bittaa fi gurgurtaa boba’aarratti mul’atan saaxiluun mootummaa waliin akka hojjetu waamicha taasisaniiru.
Hojiiwwan misoomaa milkaa’oo waggoottan jijjiiramaatti Naannichatti galmaa’an itti fufiinsa akka qabaataniif hayyoonni gaheesaanii cimsuu qabu
Mar 31, 2026 100
Bitootessa 22/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti Milkaa’inni hojiiwwan Misoomaa waggootaan jijjiiramaa keessa galmaa’an akka itti fufaniif hayyoonni gahee isaanii cimsuu akka qaban ibsame. Marii Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jirurratti Hoggantoonni ol’aanoo Naannoo Oromiyaa fi Hayyoonni Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo hirmaachaa jiru. Waltajjiicharratti Hoogganaan damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akka ibsanitti; waggoota jijjiiramaa darban keessa naannichatti gama hundaan milkaa’inni misoomaa galmaa’eera. Keessattuu hojiiwwan misoomaa dameewwan Qonnaan, Barnootaa fi Fayyaan raawwataman fayyadamummaa ummataa haala fooyya’aa ta’een guddisuusaanii dubbataniiru. Naannichatti rakkooleen qulqullina Barnootaa waliin wal qabatan furmaata waaraa akka argataniif Manneen Barootaa Bu’uura Booruu Naannicha hunda keessatti bal’inaan ijaaramuu yaadachiisasaniiru. Rakkoolee kenniinsa tajaajilaan wal qabatee jiru furuuf tajaajil wiirtuu tokkoo "Masoob" babal’isuu fi tajaajila dijitaalaa dhiyeessuun bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inoonni kunneen cimanii akka itti fufaniif, Hayyoonni qorannoo fi qo’annootiin deeggaruun gahee isaanii ba’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Waltajjicharratti barreeffama marii kan dhiheessan Hogganaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa doktar Abdulaziiz Daawud; hojiiwwan misoomaa naannichatti namarratti xiyyeefatamanii hojjetamaa jiran bu’aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu, Innisheetivii misooma Qonnaa haaraa waggoota jijjiiramaa keessa hojiirra oolan wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa taphachuusaanii dubbataniiru. Misoomni qamadii bara 2010n lafa hektaara miiliyoona 1 tuqaa 9 qofarrtti omishamaa kan ture, amma jallisii babal’isuungara hektaara miliyoona 6 tuqaa 3tti guddisuun danda’amuusaa akka fakkeenyaatti eeraniiru. Milkaa’inni kun kan argame waggaatti yeroo lamaa fi isaa ol oomishuun waan danda'ameef ta'uu eeruun, dhaloota dhufuu dinagdee fooyya’aa dhaalchisuuf hundi waliin socho’uu akka qabu dhaamaniiru.
Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Qaala'iinsa jireenyaa To'achuuf kallattii Imaammata Maallaqaa Cimaa qabate akka itti fufsiisu ibse
Mar 31, 2026 109
Bitootessa 22/2018 (ENA): Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa biyyattiitti qaala’insa jireenyaa to’achuuf kallattii imaammata maallaqaa cimaa qabate akka itti fufu beeksise. Koreen imaammata maallaqaa baankichaa walgahii idilee 6ffaa isaa har’a gaggeesseera. Ibsa koreen kun baaseen, qaala'iinsi jireenyaa waliigalaa dhuma baatii Bitootessaa gara dhibbeentaa 9.7tti gadi bu'uu ibseera. Qaala'iinsi jireenyaa biyya keessaa gadi bu'aa jiraatus, waldhabdeen Baha Giddugaleessaa fi daballiin gatii boba'aa fi meeshaalee shagaxaa irratti dhiibbaa geessisuu akka malu akeekeera. Kanarraa kan ka’e koreen kun imaammata maallaqaa cimaa ta’e(Tight Monetary Policy) itti fufsiisuuf murteesseera. Baankiin Biyyaalessaa imaammata maallaqaa cimaa ji’oota darban hojiirra oolchaa ture cimsuun haala qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu biyyattii keessatti mul’ate daran tasgabbeessuuf akka itti fufu beeksiseera. Hamma dhala ka’umsaa baankichaa (NBR) akkuma jirutti akka itti fufuu fi hamma baankonni dhala komii qaban (NPL) hir’isuun sirni faayinaansii nageenyummaan isaa eeggame akka itti fufu akeekkachiiseera. Koreen kun balaa dinagdee addunyaa waldhabdee yeroo ammaa Baha Giddu Galeessaa keessatti uumamuu malu dammaqinaan hordofuun barbaachisaa ta’uus hubachiiseera. Mootummaan bulchiinsa baajataa of eeggannoo qabu akka itti fufu, liqii kallattiin Baankii Biyyaalessaa irraa fudhachuu akka dhaabu, dorgommii sharafa alaa guddisuuf tattaaffii haaromsaa eegalame akka itti fufu koreen kun yaada dhiyeessera. Barreeffamni guutuun Korichi ibsa miidiyaaleef kenne walgahii idilee 6ffaa koree imaammata maallaqaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:
Saayinsii fi teeknooloojii
Leenjiin koodarsii dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa, beekumsaa fi gahumsa teeknooloojii hidhate uumaa jira
Mar 31, 2026 107
Bitootessa 22/2018 (ENA): Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii hidhate uumaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buhi. Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5, jalqabbii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ta’e, dargaggoonni guutuu biyyattii keessatti argaman dameewwan teeknooloojii adda addaatiin beekumsaa fi dandeettii horachuun gahumsaa fi dorgomaa akka ta’an taasisaa jira. Bulchiinsi Dirree Dawaas bara kana dargaggoota kuma 36 fayyadamoo taasisuuf hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuun himameera. Akka Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalichaa Harbii Buhii ENAtti himanitti, Leenjiin koodarootaa dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa ta’e uumaa jira jedhani. Dargaggoonni leenjii kanaaf galmaa’an kuma 36 keessaa dhibbeentaan 70 bu’a qabeessaa fi dammaqinaan leenjicha irratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa dhibbeentaan 59 ragaa fudhataniiru jedhani. Karoora leenjii kanaaf kaa’amee ture dhuma bara bajataa kanaatti guutummaatti galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Dargaggoonni Itiyoo Koodarsii beekumsaa fi dandeettii horataniin carraa hojii uumuu, qabeenya maddisiisuu, gahumsaa fi bu’a qabeessummaa isaanii mirkaneessaa akka jiran himaniiru. Itti dabaluunis dargaggoonni leenjicha xumuran tajaajila dhaabbata iddoo tokkoo(Masoob) fi waajjira sivil sarvisii keessatti kennamu qindeessuun gahumsa isaanii qabatamaan mirkaneessaa jiru jedhan. Hojiiwwan hojjetamanis Dirree Dawaan sadarkaa biyyaatti bu’aa fooyya’aa akka argamsiisu kan dandeessisan ta’uu hubachiisuudhaan, ji’oota baajataa hafan keessatti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Leenjitoonnis leenjichi ergama isaanii bu’a qabeessaa fi gahumsaan akka raawwatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Shamarreen Saaraa Huseen wiirtuu tajaajilaa magaalaa Dirree Masob keessatti kan hojjettu yoo taatu, beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argatte gahumsaa fi saffisa guddaadhaan itti gaafatamummaa ishee raawwachuuf kan ishee gargaaru ta’uu ibsiteetti. Leenjii kana milkaa'inaan xumuree Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa irraa waraqaa ragaa kan argate Fiqiruu Zawudee leenjiin Itiyoo koodarsii dandeettii teeknooloojii dhaloota haaraa fooyyessaa jiraachuu himani. Leenjichi ergama kana qulqullinaa fi saffisaan akka xumuran, itti quufinsa maamiltootaa akka dabalu isaan dandeessisuu eeraniiru.
Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira
Mar 28, 2026 155
Bitootessa 19/2018 (ENA): Leenjiin Itiyoo-Koodarsii carraa hojii uumuu dijitaalaa fi kalaqa babal’isuun dorgomtummaa idil addunyaa guddisaa jira jedhan Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa. Leenjiin koodaroota Itoophiyaa miiliyoona shan kaka’umsa ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kun, keessumattuu dargaggootaaf dorgomtummaa idil addunyaa isaanii babal’isuuf kan kaayyeffatedha. Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa godinaalee adda addaa leenjii fudhatanii of bira darbanii hojiirra oolmaa tarsiimoo misooma dijitaalaa biyya isaaniif taasifamu irratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru. Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ENAtti akka himanitti; Leenjichi dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu fi dandeettii jireenya isaanii guddisu horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Dargaggoonni damee teeknooloojii irratti bobba’an dandeettii isaanii akka guddifatanii gara hojii kalaqaatti akka ce’an gargaareera jedhan. Kunis dorgomtummaa biyyattii fi gara diinagdee beekumsa irratti hundaa'etti ce'uuf gumaacheera jedhan. Barnoota, qonna, industirii, turizimii fi dameewwan birootiin dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera jedhaniiru. Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaatti Daayreektarri Ayisiitii(ICT) Naa'ol Anbassee akka jedhanitti, inistiitiyuutichi barattootaa fi hojjettoonni leenjii kana akka fudhatan deeggarsa taasisaa jira. Leenjiin Itiyoo koodarsii(Ethio-Coders) dandeettii dabalataa horachuuf waan gargaaruuf lammiileen carraa argame sirnaan fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Ogeessi kun hojii lammiilee ogummaa kamiinuu bobba’an fooyyessuu keessatti gahee leenjiin kuni qabu ibsaniiru. Barattuu Baayyush Tasfaayee fi fayyadamaan barnoota tolaa (scholarship) Sudaan Kibbaa Laadulii Moorii akka jedhanitti leenjiin kun bara dijitaalaa waliin deemuuf dandeettii horachuu keessatti faayidaa qabaachuu himani.
Magaala Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo “Masoob” manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumeeta
Mar 25, 2026 381
Bitootessa16/2018(ENA)-Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuusaa jiraattonni magaalichaa ibsan. Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob erga eegalamee ji’oota 6 lakkoofsiserra. Tajaajilichaan hawaasni Magaalichaa tajaajiloota hunda bakka tokkotti argachuu isaaniitiin yeroo fi maallaqa isaanii qusachuu danda’uusaa ibsaniiru. Jiraataan Magaalaa Jimmaa Obbo Nuurii Yesuuf kanaan dura kaffaltii bishaanii fi ibsaa raawwachuuf guyyoota hedduu itti fudhachaa turuu ibsuun, amma garuu Masoob giddugala tajaajila tokkootti yeroo gabaabaa keessatti xumurachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi yeroo fi baasii kan qusatu ta’uusaa obbo Nuuriin ibsaniiru. Jiraataan Magaalatti biroon Obbo Muktaar Ibraahim tajaajila qabiyyee lafaa wajjin walqabatu argachuuf gara gidduugalichaa dhufuu isaanii ENA’f ibsaniiru. Ammaan dura tajaajila kana argachuuf seektaroota garagaraa irraa deddeebi’aa akka turan dubbachuun amma garuu guyyaa tokko keessatti xumuramaafii akka jiru dubbataniiru. Itti Aanaan Hoji Gaggeessaa Giddugalichaa Obbo Abdii Salamoon gidduugalli tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob ji’oota 6n darban keessatti tajaajiloota kuma 84 ol kennuu dubbataniiru. Sektaraaleen 25 giddu galichaa keessatti hammatamuu ibsuun, hojjettoonni 103 hawaasa tajaajilaa jiru jedhaniiru. Tajaajilli Maanguddootaa fi qaama miidhamtoota giddu galeessa godhates kennamaa jirachuus ibsaniiru. Hojjettoonni tajaajila kennan gara manguddootaa fi qaama miidhamtootaatti dhiyaatanii tajaajiluun alatti, tajaajilli liiftii addaa qophaa'uus Obbo Abdiin dubbatan. Fuuladurattis dameewwan giddugalichaa ganda magaalatti keessatti banuun caalaatti hawaasatti dhiyaachuuf karoorfamuusaas ibsaniiru. Kana malees, tajaajila gidduugalichaa socho'aa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Wiirtuun tajaajila bakka tokkoo ‘Masoob Addis’ bu’aa bayii tajaajilamtootaa hambisuun bu’a qabeesummaa mirkaneessaa jira-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 24, 2026 358
Bitootessa 15/2018(ENA)- Wiirtuun tajaajila bakka tokkoo ‘Masoob Addis’bu’aa bayii tajaajilamtootaa hambisuun bu’a qabeesummaa bulchiinsa gaarii mirkaneessaa akka jiru Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech Abeebee wiirtuu tajaajila bakka tokkoo dijitaalaa Addis ‘Masoob’ 3ffaa dame Lidataa eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Haalli qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajiloota mootummaa eegsisu uumamaa akka jiru kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana dubbataniiru. Waliin gahiinsi tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob bu’aa bayii lammiileerra gahu hambisuun itti quufinsa tajaajilamtootaa fooyyessaa jira jedhaniiru. Qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajiloota wiirtuu kanatti kennamanii eegsisuun hojmaatilee badaa guutummaatti hambisuun akka danda’ame dubbataniiru. Gaaffii bulchiinsa gaarii lammiileef furmaata kennuusaas ibsaniiru. Wiirtuleen tajaajila bakka tokkoo dijitaalaa Addis Masoob Finfinneetti ijaaraman tajaajiloota bulchiinsa magaalaa si’achiisuun itti quufinsa tajaajilamtootaa guddisaa akka jiru kaasaniiru. Fuulduras hojiin itti quufinsa tajaajilamtootaa fooyyessuuf hojjetamu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Ispoortii
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 344
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru. Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Dorgaommiin Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli Ispoortiiwwan Aadaa Sadarkaa Biyyaalessaa har'a Magaalaa Harariitti ni jalqabama
Mar 29, 2026 367
Bitootessa 20/2018(ENA)- Dorgommiin Ispoortii Aadaa biyyaalessaa 23ffaan fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaan har'aa eegalee Magaalaa Hararitti ni gaggeeffama. Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Ministeerri Aadaa fi Ispoortii qophicha( taatee kana) waliin ta'uun qopheessaniiru. Dorgommiinii fi Feestivaalli kun mata-duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun kan gaggeeffamudha. Dorgommii gosoota Ispoortii 11n gaggeeffamu kanarratti Naannolee fi Bulchiinsa Magaalota hundaarraa Isportessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jechuun Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiseera. Dorgommii fi Feestivaala kanarratti keessummoonni kabajaa Konfedereeshinii Ispoortii fi Taphoota Aadaa Afrikaa irraa affeeraman ni argamu. Sagantichi tokkummaa, garaagarummaa fi waliin jireenya Sab-daneessummaa Itiyoophiyaa kan calaqqisiisudha. Feestivaalichi Hawaasa Ispoortii Aadaa irratti hirmaachisuu fi fayyadamaa taasisuun alatti, Ispoortii Aadaa Hawaasummaa taasisuu dandeessisuuf kaayyoo akka qabu ragaan Ministeerichaa ni mul’isa. Mootummaan xiyyeeffannoo addaa Misooma Ispoortiitiif kenneen, Imaammata Ispoortii haaraatiin Ispoortiiwwan Aadaa misoomsuuf hojjechaa akka jirus ibsameera.
Hojiin bu'a qabeessa damee ispoortii naannichatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii
Mar 28, 2026 340
Bitootessa 19/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Hararii Ordiin Badirii akka ibsanitti, damee ispoortii naannoo Hararii keessatti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimee itti fufu jedhan. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badirii qophii Dorgommii Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa 19ffaa boru naannichatti eegaluuf taasifamaa jiru daawwataniiru. Hojiin damee ispoortii naannicha keessatti hojjetamaa jiru sadarkaa fooyya’aa irra akka jiru bulchaan kun eerruun, damee kanarratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimanii itti fufu jedhaniiru. Dargaggoota atileetota damee ispoortii adda addaa naannichaa fi naannawaa keessatti dandeettii qaban guddisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba jedhan. Ispoortii sarkasii guddisuuf hojiin bal’aa qabeessi hojjetamuu akka qabus dubbataniiru. Dorgommiin Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaa Boru irraa eegalee Naannoo Harariitti ni gaggeeffama. Dorgommii fi ayyaanni ispoortii aadaa torban tokkoof turu kun mata duree "Misooma Ispoortii Aadaa olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffama.
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 243
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera. Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera. Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira. Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu qorannoodhaan deeggaramuu qaba
Mar 31, 2026 65
Bitootessa 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taasisaa jirtu dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo fi saayinsiidhaan deeggaruu akka qaban Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Siyyum Mokonnon ibsani. Fooramiin waliigalaa jalqabaa sirna jalqabsiisa Tarkaanfii Haala Qilleensaa Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Pilaanii fi Misoomaa obbo Siyyum Mokonnon, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii biyyaalessaa keessatti gahee tarsiimoo dhaabbileen barnoota olaanoo qabaachuu qaban dubbataniiru. Furmaata saayinsaawaa qopheessuun waliin hojjechuun akka isaan irraa eegamus hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarsiimoo dinagdee magariisaa haala qilleensaa dandamatu hojiirra oolchuurratti adda duree ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuu fi anniisaa haaromfamuu danda’u misoomsuu dabalatee hojiiwwan waggoota darban keessa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti galmaa’e Itiyoophiyaan Afrikaa fi Addunyaaf fakkeenya ta’uu agarsiisa jedhan. Dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo isaanii fi barruulee qorannoo fi barruulee barattoota digrii lammaffaa jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti xiyyeeffachuu qabu jedhani. Dabalataanis waltajjiin kun waltajjii hojii qindoominaa qaamolee imaammata baasanii fi dhaabbilee barnootaa cimsu ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa akka dhaabbata dhimma haala qilleensaa to’atutti qindoomina yunivarsiitiiwwan waliin eegale cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Yuunivarsiitiiwwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf furmaata saayinsaawaa maddisiisuu keessatti gahee guddaa qabu kan jedhan immoo eeggataa Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee dha. Akkasumas hojiiwwan misooma Ashaaraa magariisaa fi ijaarsa dandamachuu haala qilleensaa akka biyyaatti hojjetamaa jiran keessatti hirmaannaan yuunivarsiitiiwwan qaban ti’oorii irraa gara hojiitti jijjiiramuu akka qabus ibsaniiru. Waltajjichi hundeeffamuun jijjiirama qilleensaa furmaata barbaaduu keessatti milkaa’ina guddaa ta’uu ibsuun, tattaaffii akka biyyaatti jalqabame kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jira.
Mar 29, 2026 328
Bitootessa 20/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera. Waajjirichatti Ogeessi misooma bosonaa Obbo Guddataa Xuurii ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa soorataaf kan oolanii fi sanyiiwwan fuduraa akka keessatti argaman dubbataniiru. Baatiiwwan gannaa keessatti walumaagala lafa hektaara kuma 94 ol irratti sagantaan dhaabbii biqiltuu akka gaggeeffamu ibsuun; hojiin biqiltuu biqilchuu Aanaalee Godinichaa hunda keessatti kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachiseen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qophiin kun fayyadamummaa qonnaan bulaa itti fufinsa qabu mirkaneessuuf akka danda’uuf sanyiiwwan biqiltuu oomishtummaan isaanii ol’aanaa ta’ee fi fooyya’an irratti xiyyeeffannoo gochuusaanii eeraniiru. Sagantaalee 'Ashaaraa Magariisaa' waggoottan darbanitti raawwatamaniin bu’aawwan jajjabeessaan galmeeffamuu isaanii ibsuun, biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuu fi eeguurrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman naannoo (ecosystem) jijjiiruu keessatti gahee ol'aanaa taphachuu bira darbee, harawwan goganii turan deebi'anii bishaan akka qabatan gochuun qonnaan bulaaf haala mijeessuusaanii dubbataniiru. Waggoottan torban darban walii gala lafa hektaara kuma 616 fi 613 irratti biqiltuuwwan dhaabamuusaanii yaadachiisuun; hawaasni naannichaa aadaa bosona eeguu qabuun milkaa’ina misooma magariisaatiif gumaacha guddaa gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Godinichatti bara kana ashaaraa magariisaatiin biqiltuu Miliyoonni 167 dhaabuuf hojjetamaa jira
Mar 27, 2026 138
Bitootessa18/2018(ENA)- Godina Horroo Guduruu Wallaggatti bara kana ashaaraa magariisaatiin biqiltuu Miliyoonni 167 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Lafaa Godinichaa beeksise. Godinichatti biqiltuu ashaaraa magariisaatiin barana dhaabamuuf lafti heektaarri kuma 40 fi 902 qophaa’uu itti Gaafataan Waajjira Qonnaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Doktar Warqinaa Galataa himaniiru. Godinichatti Aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuruutti Ashaaraa magariisaa bara kanaa milkeessuuf xiyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaa Ashaaraa magariisaan Biqiltoota madaala qilleensaa eegan dhaabuun cinaatti kanneen nyaataaf oolan irratti xiyyeeffachuun dhaabbiin Ashaaraa Magariisaa kan raawwatamu ta'uus ibsaniiru. Godinichichatti, Aanaa Jaardagaa Jaarteetti dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuwwaan adda addaa buufataalee 13 keessatti qophaa'uun kunuunfamaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Jaardagaa Jaartee obbo Silashii Olii himaniiru. Aanichatti buufataalee biqiltuu 46 keessatti Biqiltuuwwan Miliyoona 15 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Silashiin ibsaniiru. Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa waggaa waggaan dhaabatuun gabbinnii fi Jiidhinsi biyyee dabaluun cinaatti madda carraa hojii fi madaala qilleensaa eeguu irratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuus himaniiru. Waajjira Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarraa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa galma biyyaalessaa kaa’ame galmaan ga’uuf kan dandeessisu qophiin taasifamaa jira
Mar 25, 2026 173
Bitootessa 16/2018 (ENA): Qindeessaan Koree Teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Dr. Addafiris Warquu, galma biyyoolessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018tti kaa’ame galmaan ga’uuf qophiin bu’a qabeessa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Qindeessaan kun turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa bara xumuraa marsaa jalqabaa waan ta’eef qophiin xiyyeeffannoo addaatiin gaggeeffamaa jira jedhan. Sagantaa bara kanaatiin akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf karoorri qabamee hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jira jedhan. Muuxannoo waggoota darban keessatti argaman babal’isuudhaan biqiltuu firii babal’isuuf, gosoota biqiloota mandhalee ta’an baay’isuuf, gosoota biqiltootaa adda addaa dhaabuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Hojiin yeroo Bonaa hojjetame iddoowwan dhaabbii adda baasuu, kunuunsa biyyee fi bishaanii bakka murtaa’etti gaggeessuu, biqiltuuwwan haala qilleensa naannoo waliin walsimu dhaabuu, akkasumas kaartaa bakka murtaa’etti qopheessuu bal’inaan raawwatamuu beeksisaniiru. Haaluma kanaan, Naannoleetti hanga ammaatti lafti biqiltuu dhaabuuf oolu heektaara miiliyoona 2.5 adda baafame ta’uu eeruun, hanga ammaatti buufatawwan biqiltuutti biqiltuu kuma 110 baay’isuun danda’ameera jedhani. Sagantaan dhaabbii bara kanaa akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 6.1 qophaa’uu ibsaniiru. Yeroo hafe keessatti hojiin kunuunsaa akka raawwatamu eeruun, qophii boollaa dabalatee hojiiwwan biroo akka raawwataman ibsaniiru. Gochi kanaan dura rooba Gannaa qofa eeggachuu jijjiiramuu eeruun, kunis biqiltuuwwan yeroo roobaa dheeraa akka argatan kan taasisu yoo ta’u, kunis saffisa biqiluu isaanii haalaan akka dabalu ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma aadaa ummataa ta’aa akka jiru hubachiisuudhaan, hojiin miira abbummaa lammiilee guddisuu fi biqiltuu dhaabame kunuunsuu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2488
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10662
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.