ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa muummee Veetinaam Hanooyitti balallii imaltoonaa haaraa eegale
Jul 10, 2025 46
Adoolessa 03/2017(TOI)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa muummee Veetinaam Hanooyitti balallii imaltoonaa haaraa eegaleera. De’eetaan ministira geejjibaa fi loojistiksii Dhangee Boruu, hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, hooggantoonni olaanoo daandii qilleensaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee daldalaa Veetinaam sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru. Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa torbanitti balallii imaltootaa al afur akka tasisu ibsameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo wayita kana akka jedhanitti, balalliin kun hariiroo biyyoota lamaanii niguddisa. Daandiin haaraan kun waljijjiirraa daldalaa, tuurizimii fi aadaa Itiyoophiyaa jidduu jiru kan guddisu ta’uu eeraniiru. Toorri haaraan kun Afriikaa fi kibba baha Isiyaa jidduutti walitti hidhanni kallattii akka jiraatu gochuun babal’ina tarsiimawaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa cimsuun hariiroo idil addunyaa kan guddisu ta’uu dubbataniiru. De’eetaan ministiraa geejjibaa fi loojistiksii Dhangee Boruu, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata agarsiiftuu milkaa’inaa ta’uu ibsaniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa karoorri dinagdee akka biyyaatti karoorfaman akka milkaa’an gumaacha taasisaa akka jiru kaasaniiru. Balalliin kun hariiroo biyyoota lamaanii akka guddisu dubbataniiru. Ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota biyyoota jiddugaleessa bahaa, Isiyaa fi paasfiikii Dawaanoo Kadir gamasaaniin, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa hariiroo dippilomaasiif qooda olaanaa bahaa akka jiru ibsaniiru. Balalliin biyyoota lamaan jidduutti eegalame faayidaa dinagdee olaanaa akka qabu himaniiru.
Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun itti fufuun nihojjetma
Jul 10, 2025 47
Adoolessa 03/2017 (TOI)- Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun cimee akka itti fufu waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu ibsan. Dameen ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa waltajjii qorannoo raawwii karoora 2017 fi karoora bara 2018 magaalaa Hararitti guyyoota lamaaf gaggeessaa ture har’a Xumureera. Hooggantoonni federaalaa fi naannoo damee ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa akkasumas qaamni dargaggootaa fi dubartoota paartichaa waltajjicharratti hirmaataniiru. Waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu wayita kana akka jedhanitti, bara bajataa 2017 duudhaa ijaarsa aadaa demokiraasii cimsuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamaniiru. Paartileen siyaasaa waliin hojjechuun naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti mana maree walooj gurmaa’uun aadaan waliin hojjechuu gabbachaa dhufuu eeraniiru. Hojiileen paartilee siyaasaa waliin eegalaman aadaa f i barbmaata haaraa fidaa akka jiran kaasaniiru. Hojiileen waloo ciminaan akka ittifufan ibsanii, paartileen siyaasaas ijaarsa aadaa demokiraasiif hojii hojjetan ciminaan akka ittifufan himaniiru. Yeroo ammaa qaamoleen mootummaa fi hawaasni siviilii sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuuf calqabbiin gaariin uumamuusaa eeraniiru. Keessumaa gumaacha dargaggootaa fi dubartootaaga’oomsuu fi caalaatti guddisuuf akkasumas ittifayyadamasaanii gabbisuuf waltajjichi haala mijataa uumuusaa kaasaniiru. Fuulduras akkaataa kallattii kaa’ameen dhimmoota xiyyeeffannoo barbaachisan irratti xiyyeeffannoo kennamee aadaa godhachuun akka hojjetamu himaniiru.
Forammiin carraa hojii uumuu Afriikaa walirraa barachuu fi omisha keenya beeksisuuf carraa nuuf uumeera – dargaggoota hojii uumtota
Jul 10, 2025 37
Adoolessa 03/2017(TOI)-Fooramiin carraa hojii uumuu Afriikaa 3ffaan Qopheessummaa Itiyoophiyaan gaggeeffame walirraa barachuu fi omisha isaanii beeksisuuf caarraa gaarii uumuusaa dargaggoonni Afriikaa hojii uuman dubbatan. Foramiin carraa hojii uumuu Afriikaa 3ffaan Guyyoota sadan darban magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture kaleessa xumurameera. Foramicha cinaatti dargaggoonni hojii uumtonni Afirikaa omisha isaanii egzibiishini irratti dhiheessan TOI’f yaada kennaniin, Foramichi walitti dhufeenya uumuu fi omisha isaanii caalaatti omishuuf galtee caalu kan itti argatanidha. Ugaandaa irraa kan dhufte Hundeessituun Emaro Innooveeshinii Kayikraa Barbira Akka jettetti, Omisha Qonnaa irratti galtee dabaltee qulqullina fooyyesuun gabaaf dhiheessuu dubbatteetti. Foramii Carraa Hojii Uumuu Afriikaa 3ffaa Itiyoophiyaatti gaggeeffame irratti hirmaachuun walitti dhufeenya uumuu fi qulqullina omishaa fooyyessuuf kan dandeessisu ta’uu ibsiteetti. imbaabuweerraa kan dhufte, Daarektarri Maajestikii Afriikaa Geetruud chambaatii gama isheen, omisha Qonnaa qindeessuun qabaaf dhiheessaa jiraachuu dubbatteetti. Foramiin carraa hojii uumuu Afriikaa walitti hidhata gabaa irra darbee walirraa barachuuf carraa kan uumee fi omisha beeksisuuf kan gargaare ta’uu ibsiteetti. Hirmaattoonni kun yeroo lammataaf Itiyoophiyaa dhufuu ibsuun, biyyittiin guddina ariifataa keessa jiraachuu arguusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaatti hojiiwwan carraa hojii dargaggootaa uumuuf mijatoo ta’an hojjetamaa jiraachuu hubanneerra jedhaniiru.
Itiyoophiyaan Bara bajatichaatti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjetteetti-Ministeera dhimma alaa
Jul 10, 2025 54
Adoolessa 03/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Bara bajataa xumurametti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjechuushee Ministeerri dhimma alaa beeksise. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo raawwii dippilomaasii bara bajatichaa ijoo ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniinis bara bajatichaatti dameelee dippilomaasii hundaan hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa eegsisanii fi maqaa gaarii biyyaa beeksisan hojjetamuu beeksisaniiru. Biyyoota ollaa waliin hariiroo fayyadama waloo irratti hundaa’e humna elektiriikii fi bu’ura misoomaa daandiin caalaatti cimsuu fi nageenya waaraa gaanfa Afriikaatti buusuuf hojiileen milkaa’oon raawwatamuu ibsaniiru. Bara bajatichaatti fayyadama haqa qabeessa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisee haqa Itiyoophiyaa hawaasa addunuyaaf hubachiisuun akka danda’ame dubbataniiru. Bara bajatichaatti waliigalteewwan gamlamee fi gama hedduu biyyoota garagaraa waliin taasifamuu kaasaniiru. Waliigalteewwan kunneen faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan eegsisanii fi dhageettii fi fudhatama waltajjii addunyaarratti qabdu kan gabbisanidha jedhaniiru. Dippilomaasiin lammiileerratti xiyyeeffateenis Itiyoophiyaanota biyyoota garagaraatti haala rakkisaa keessa turan fayyaa fi kabajnisaanii eegamee biyyatti akka deebi’an taasifamuu ibsaniiru.
Kenni Tajaajila Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo Fooya’aa Dhufeera-tajaajilamtoota
Jul 10, 2025 34
Adoolessa 03/2017(TOI)-Kenni Tajaajilli Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo oolee bulee Fooya’aa Dhufuu tajaajilamtoonni yaadasaanii TOI’f kennan dubbatan. Taajaajilamtoonni TOI’f yaada kennan akka ibsanitti, Kanaan dura tajaajila argachuuf Mana Qopheessaa deddeebi’uun yeroo fi maallaqa isaanii qisaasaa turaniiru. Yeroo dhihootii asitti garuu, Tajaajiilli Mana Qopheessaa fooyya’aa dhufee tajaajila barbaadan dafanii argachaa jiraachuu dubbataniiru. Tajaajilamaan Obbo Barsiisaa Maaddeessaa Manni Qopheessaa Magaalichaa yeroo ammaa haala ammaan dura hin baratamneen tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennaa jira jedhaniiru. Guyyaa dhufanitti tajaajila argatanii galuu isaanii ibsuun, kenni tajaajilaa haala Kanaan itti fufuu akka qabu dubbataniiru. Eeyyama Ijaarasa Mana Jireenyaa fudhachuuf gara Mana Qopheessaa dhufuu isaanii kan dubbatan Barsiisaan, dhimma isaanii guyyaa tokkoon xumurachuu ibsaniiru. Akkasumas, obbo Baqqalaa Guutamaan waggoottan muraasa darban dhimma tokko xumurachuuf yeroo dheeraa deddeebi’uu kan gaafatu akka ture ibsaniiru. Isaanis Eeyyama Haaromsa Hojii Maashiinii barbaadanii dhufuusaanii fi guyyaa dhufanitti tajaajila argatanii deebi’uusaaniitti gammaduun ibsaniiru. Jiraataan Magaalichaa Biraan Dargaggoo Haacaaluu Baacaa gama isaan eeyyama Ijaarsa Manaaf mana qopheessaa dhaquu ibsanii, ammaan dura hanga guyyaa torbaa kan fudhatu guyyaa lamatti xumurachuu isaa ibseera. Hojjettoonni Mana Qopheessa yeroon wajjira seenanii maamiltoota keessummeesuu isaanii taajjabuu isaas dubbateera. Hojii gaggeessaa olaanaan Mana qopheessaa Magaalaa Amboo Obbo Sanyii Taassisaa akka ibsanitti, kenni tajaajilaa Mana qopheessaa Magaalichaa fedhii fi gaaffii Hawaasaa bu’uura godhachun oolee bulee tajaajila isaa fooyyessaa jira. Abbootiin Dhimmaa Tajaajila argachuuf yeroo Mana Qopheessaa dhufan otoo hin dedeebi’iin Tajaajila Qulqulluu fi Si’ataa akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Manni Qopheessichaa Kallaattii Mootumman Naannichaa ka’e bu’uura godhachuun Wixata, Roobii, fi Jimaata guyyaa abbaa dhimmaa jedhamee hojjettoonni hundi abbaa dhimmaa keessummeessu jedhaniiru. Kanaanis jijiiraaamni guddaan dhufuu ibsuun ammas dhimmoonni baay’ee fooya’uu qaban jiraachuu fi fuulduratti kenna tajaajilaa teekinooloojiin deeggaruuf tattaaffiin nitaassifama jedhaniiru. Hawaasni tajaajilamaanis guyyoota abbootii dhimmaa mana qopheessaa dhufanii tajaajila argachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Siyaasa

Lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’aniiru-Minsteera dhimma alaa
Jul 10, 2025 41
Adoolessa 03/2017(TOI)- Bara bajataa xumurametti lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’uusaanii Minstirri dhimma alaa beeksise. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo hojiilee dippilomaasii ijoo bara bajataa 2017 ilaalchisuun galaalchotaaf ibsa kennaniiru. Bara bajatichaatti Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii hariiroo gamlamee fi gama hedduu faayidaa biyyaalessaa kabachiisan uumuun, walitti dhufeenya riijinii akkasumas tumsa ardii fi idil addunyaa cimsa raawwatteetti jedhan. Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii bu’a qabeessa hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu caalaatti cimsuu dandeessisanii fi walitti hidhamiinsa riijinii saffisiisan raawwachuushee himaniiru. Hidha haaromsaa Ityoophiyaa guddicha ilaalchisuun haqa Itiyoophiyaan qabdu hawaasa addunyaa hubachiisuuf hojiin dippilomaasii cimaan hojjetamuusaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan Komishiniin sulula Naayil akka hundaa’u gochuun fedhii itti fayyadama haqa qabeessaaf qabdu qabatamaan agarsiifteetti jedhaniiru. Itiyoophiyaan ollootashee waliin walitti dhufeenya ummattootaa cimsuuf lammiilee biyyoota garagaraa 968’f carraa barnootaa kennuushee dubbi himaan kun dabalanii himaniiru. Bara bajatichaa waliigalteewwan faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisan 11 mallatteeffamanii paarlaamaan mirkanaa’uusaanii ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsaniiru. Dippilomaasii dinagdeetiinis hawaasni addunyaa waa’ee riifoormii dinagdee gooroo fi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa hubannoo argachuun deeggarsa akka taasisu gochuuf hojjetamuu eeraniiru. Dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen bara bajatichaa lammiileen biyyoota 21 keessatti rakkoo keessa turan kuma 131 biyyatti deebifamuu dubbataniiru. Ministeerri dhimma alaa bara bajatichaatti nageenyaa fi kabaja lammiilee eegsisuurratti xiyyeeffatee hojjechuusaa himaniiru. Dandeettiin Itiyoophiyaan konfaransii idil addunyaa keessummeessuuf qabdu guddachaa dhufuu eeranii, dhiheenyatti yaa’iiwwan idil addunyaa jajjaboon nitaa’amu jedhaniiru. Kanneen keessaa yaa’iin sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaa fi yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan akka adeemsifaman eeraniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa Ameerikaatti argaman yeroo Viizaa eyyamameefiin olitti turuun waan isaan gaafachiisuuf ofeeggannoo gochuu akka qaban dubbi himaan kun ibsa kennaniin hubachiisaniiru. Lammiileen biyya biroo Viizaa Itiyoophiyaa argatanii dhufan yeroo turtii kennameefiin olitti turuun akkaataa seera biyyattiin kan adabsiisuuf ta’uu hubachuun ofeeggannoo akka taasisan cimsanii dubbataniiru.
Gamtaan Awuroppaa Tattaaffii nagaa Afrikaan durfamu akka deeggaru ibseera
Jul 8, 2025 243
Adoolessa 01/2017 (TOI)-Gamtaan Awuroppaa tattaaffiiwwan Gamtaa Afrikaa jalatti nagaa fi Araara buusuuf taassifamaa jiran deeggaruuf kutannoo qabaachuusaa beeksiseera. Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf Bakka bu’aa addaa Gamtaa Awurooppaa Saahel Joohaa Kiraaviinhoo fi bakka bu’aa addaa Gamtaa Awrooppaa Gaanfa Afriikaa Dr. Anneet Weber waliin mari’ataniiru. Gareen lamaan riijinii Saahel jijjiiramaa dhufee haala nageenya Afriikaa jijiiramaa jiru irratti yaada wal jijjiiraniiru. Rakkoowwan Riijinichaa , furmaata riijinii argachuuf tattaaffiin taassifamu deebii biyyoota hedduu qindoomina qabuun deeggaramuu akka qabu kaasaniiru. Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Awurooppaa walitti bu’insa ittisuun gaggeesuumaa dippiloomaasi cimaa qaban leellisaniiru. Gamtaan Awurooppaa Tattaaffii Araaraa Ardiilee, tasgabii fi waldhabdee hiikuu Gamtaa Afriikaan durfamu deeggaruuf kutannoo akka qabu ibsuu isaanii odeeffannoon gamticha irraa argame ni mul’isa.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajatichaatti Karoora Qabate Milkeessuuf Hirmaannaan Taassise Bu’aa Qabeessadha-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo
Jul 7, 2025 222
Waxabajjii 30/2017(TOI)-Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajataa 2017tti Karoora Qabate Milkeessuuf hirmaannaan taassisee bu’aa qabeessa akka ta’e Af-yayaa’ii Taaggasaa Caafoo ibsan. Manni Marichaa Walga’ii addaa 3ffaa gaggeesseen gabaasa raawwii hojii bara baajatichaa dhihaatee irratti mariin gaggeeffameera. Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo wayita kanatti, manni maricha labsiiwwan baasu sirnaan hojiirra akka oolaniif mirkaneeffamuun dura Qorannoon barbaachisaan akka taassifamu kaasaniiru. Seeronni erga Mirkanaa’anii boodas sirnaan hojiirra ooluu isaa odiitii gochuun jalqabamuus beeksisaniiru. Manni Marichaa hojii to’annoo fi hordoffii haala kallattii taa’een gaggeeffamuu fi hojmaata itti gaafatamummaa hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru. Manni Marichaa bara Baajatichaatti hojiiwwan karoorran qabatan milkeessuuf hirmaannaa taassisan bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Itti fufuunis Manni Marichaa bara hojii waggaa 5ffaa ciminoota turan ittifufsiisuun hanqinoota turan guutuun hojii fooyyee qabu raawwachuuf miseensonni hundi qooda isaanii bahu akka qaban kaasaniiru. Gabaasicha kan dhiheessan Itti Aantuun Af- yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo akka ibsanitti, Manni marichaa hojiiwwan karoorfame gahumsan raawwachuuf qindoominaan hojjechaa turuu ibsaniiru. Keessumaa manani marichaa ergamoota gurguddoo afur seeraan kennameef galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjete bu’aa qabeessadha jedhaniiru. Seeronni osoo hin Raggaassifamiin Dura Ogeeyyiin Kutaa Seeraa Mana Marichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiranii fi miseensonni koree dhaabbii qorannoo bal’aa akka Gaggeessan Ibsaniiru. Kanarra darbees waltajjii hubannaa fi Marii Hawaasaa Mijeessuun Iftoomina Seerotaa Keessatti akka Uumamu ta’eera jedhaniiru. Bara Baajatichaatti Manni Marichaa walga’ii Idilee 43ffaa fi walga’ii addaan Labsiiwwan adda addaa 50 ol qorachuun raggaassisuu ibsaniiru. Hojii Dippiloomaasii Paarlaamaan Jiloota Paarlaamaa biyyoota adda addaa waliin Hariiroo Dippiloomaasii faayidaa biyyoolessaa cimsan hojjetamaniiru jedhaniiru. Gabaasichaan Manni Marichaa koreewwan dhaabbii 13n karoora qaama raawwachiiftuu deeggaruu fi hordofuu ibsaniiru. Miseensonni mana marichaa hojiiwwan bakka bu’ummaa Filannoo Naannoo waggaatti yeroo lama gaggeessan sirnaan gaggeeffamaa jiraachuu fi gaaffii hawaasni kaasu sadarkaa sadarkaan deebii argachuu isaanii kaasaniiru.
Bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka arganu taasiseera
Jul 6, 2025 322
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale bu’aa ba’ii hambisuun tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatan taasisuu jiraattonni godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ibsan. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni olaanoo Naannichaa daawwannaa guyyaa shanaffaatiin hojiiwwan misoomaa garagaraa godina Baaleetti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru. Daawwannaa kanaa sochii hojii caasaa gurmaa’insa gandaa dhiheenya naannichatti caaseffame ilaalaniiru. Jiraattonni aanaa Dalloo Mannaa TOI’n wayita kana dubbise bulchiinsi gandaa bu’aa bayii hambisuun tajaajila mootummaa si’ataa dhiheenyatti akka argatan taasiseera. Hajjii Kaliif Abdullaahii fi Aliyyii Toree akka jedhanitti, caasaan gandaa naannawasaaniitti gurmaa’e qe’eesaaniirraa osoo hinfagaanne tajaajiloota mootummaa garagaraa dhiheenyatti akka argata taasisuusaa dubbataniiru. Tajaajilli kun akka fulla’u qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru. Hawaasni tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatu akkasumas rakkooleen bulchiinsa gaarii hatattamaan akka furamu yaaduun Mootummaan naannoo Oromiyaa caasaa kana gurmeessuunsaa nibeekama. Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa akkasumas hooggantoonni olaanoo naannichaa daawwannaa godina Baaleetti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin mari’atan
Jul 5, 2025 351
Waxabajjii 28/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin, yaa’ii BRICS 17ffaa dursuun pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin dhimmoota gamlamee fi gama hedduurratti mari’achuusaanii ibsaniiru. Mariin kun hariiroo biyyoota lamaanii dhiheenya guddachaa dhufe caalaatti cimsuun fuulduratti kan tarkaanfachiisedha jedhaniiru. Walitti hidhamiinsa daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf waliigalteerra gahuusaanii ministirri muummee ibsaniiru.
Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun nibarbaachisa-Miseensota mana maree
Jul 5, 2025 271
Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun akka barbaachisu Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waxabajjii 26 bara 2017 raawwii karoora bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennuunsaanii niyaadatama. Ministirri muummee wayita kana akka jedhanitti, Bara kana qofa Konfaransiiwwan idil addunyaa 150 caalan Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaniiru. Kunis kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu dachaan dabaluu eeraniiru. Sabaoonni dhaabbileen idil addunyaa Itiyoophiyaa filatanii dhufaniif keessaa riifoormii immigireeshiniirratti taasifame, tajaajila daandii qilleensaa, bakkeewwan tuurizimii fi misooma kooriidarii wabeeffataniiru. Bara bajataa kanatti tuuristoonni biyya alaa miiliyoona 1 tuqaa 3 Itiyoophiyaa daawwachuusaanii fi kunis baay’ina amma ammaatti jirurraa guddaa ta’uu kaasaniiru. Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa yaadasaanii TOI’f kennan yaada kana nifudhatu. Miseensi mana maree Uztaaz Kaamil Shamsuu akka jedhanitti, misoomni saffisaa finageenyi Itiyoophiyaa fooyya’uunsaa akkasumas fudhatamni idil addunyaarratti qabdu dabaluunsaa dameen Tuurizimiin konfaransii akka dadammaqu godheera. Magaalattiin magaalaa muummee Afriikaa fi teessoo dhaabbilee idil addunyaa ta’uunshee konfaransiif filatamtuu ieshee taasiseera jedhan. Miseensi mana maree kan biraan Dr. Kafanaa Ifaa gamasaaniin,Carraaqqiin Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa Konfaransii Tuuriizimiif guutuuf taasiftee fi nageenyi argamaa jiru walgahiiwwan Afriikaa fi idil addunyaa akka keessummeessitu carraa uumeera. Nageenyi Itiyoophiyaatti mul’ate gara nageenya fulla’aatti jijjiiruun fudhatamaa fi dhageettiin idil addunyaa gabbisuuf hojjechuun akka barbaachisu miseensonni kunneen dubbataniiru. Namoonni miiliyoona 1 tuqaa 5 bara bajataa kana Paarkiin tokkummaa, golambaan Saayinsii, paarkiin michoomaa fi marasaa kan daawwatan yoo ta’u, kanarraas galiin birrii biiliyoona walakkaa argamuu ministirri muummee ibsaniiru.

Hawaasummaa
Yaa’iin sirna Nyaataa Dh.M.G Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hojii Itiyoophiyaan Sirna soorataan hojjetteef beekamtii kan kennudha
Jul 10, 2025 44
Adoolessa 03/2017(TOI)-Yaa’iin sirna Nyaataa Dh.M.G Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hojii Itiyoophiyaan Sirna soorataan hojjetteef beekamtii kan kennu Ta’uu Itti Aanaan Daarekteera Olaanaa Inistitiyuutii Tiranisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa Dr. Fireewu Tagany ibsan. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Inistitiyuutii Tiranisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “mul’atarraa gochatti, imala cehumsa sirna nyaataa egeree fi hammataa Itiyoophiyaa” jedhuun qopheessan irratti marii irna nyaataa Itiyoophiyaarratti Xiyyeeffate gaggeessaa jira. Saganticha irrtti barreeffama ka’umsaa kan dhiheessan Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa Dr.Fireewu Tagany akka jedhanitti, Itiyoophiyaan milkaa’ina galmoota misoomaa fulla’aaf qooda mataashee bahaa jirti jedhaniiru. Itiyoophiyaan cehumsa sirna soorataa eegaluun biyya adda duree ta’uushee ibsaniiru. Kanaanis Innisheetivoota Misoomaa adda addaa hojiirra oolchuu jalqabuu ishee eeruun , Maaddii Guutuu, Misooma Qamadii, Ashaaraa Magariisaa fi kanneen biroo akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Konfaraansiin Sirna Soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 2ffaan Adoolessa 20 hanga 22/2017tti Qopheessummaa Itiyoophiyaa fi xaaliyaaniin Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uuu ibsaniiru. Yaa’ichi Itiyoophiyaatti gaggeeffamuunsaa maqaa qaarii biyyattii mul’isuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsuun, keessumattuu imala cehumsa sirna soorataa Itiyoophiyaan eegalteef beekamtii kan kennu ta’uu dubataniiru. Iiyoophiyaan jijiiramaa asitti sagantaawwan biyyoolessaa adda addaa cehumsa sirna soorataa saffisiisan bocuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun ishee ni beekama. Innisheetivota Kanneen akka Sagantaa Maaddii Guutuu, Misoomaa Qamadii, Ashaaraa Magariisaa, Soorata barattootaa, Sosochii Itiyoophiyaan Haa omishituu fi waadaa saqoxaa akka fakkeenyaatti ni caqafamu. Qopheessummaa Itiyoophiyaan kan gaggeefamu yaa’iin sirna soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii milkaa’inaan keessummeessuuf hojiileen haaldureen hojjetamaa jiru.
Raayyaan birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti tajaajiloota hawaasaarratti hirmaachuun tusaa jira
Jul 10, 2025 50
Adoolessa 03/2017(TOI)- Raayyaan birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti tajaajiloota hawaasaarratti hirmaachuun tusaa isaa cimsaa akka jiru ajajaan olaanaa Izzii jiddugalaa Daalool letenaal jeneraal Zawudee Balaay ibsan. Miseensonni raayyaa izzii jiddugalaa Daalol sagantaa xumuraa dorgommii feestivaalii Ispoortii guyyoota kudhan darban gaggeessaa turee fi dhiiga arjoomuu har’a gaggeesseera. Wayita kana ajajaan olaanaa Izzii jiddugalaa Daalool letenaal jeneraal Zawudee Balaay, raayyaan hojii idileessaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun ga’umsaan raawwachaa gootummaan ittifufuusaa dubbataniiru. Kana cinaattis tajaajiloota hawaasummaarratti ga’umsaan hirmaachuun tumsa isaa cimsaa ittifufuusaa ibsanii, miseensonni Izzichaa gama Kanaan hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jiran beeksisaniiru. Feestivaaliin Ispoortii har’a xumurame raayyaa fi Ispoortiin tokko ta’uu hubata nii qaamolee milkaa’ina dorgommichaaf oolmaa oolan galateeffamuu qabu jedhaniiru. Hoogganaan waajjira Izzii jiddugaleessaa Daalool Koloneel Bazzaabih Yimar gamasaaniin, dorgommiin Ispoortii ga’umsa raayyaa caalaatti gabbisuuf kaayyeffate gaggeeffamuusaa dubbataniiru. Kooronni Izzicha jalatti argaman dorgommii Ispoortiirratti hirmaachuusaanii kaasanii, dorgommichis milkaa’uusaa eeraniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar wayita kana ergaa dabarsaniin, Izziin jiddugalaa Daalol naannawichatti nagaan cimee akka ittifufu qooda olaanaa bahachaa jira jedhaniiru. Hojiin Izzichaa caalaatti akka milkaa’u bulchiinsichi waan irraa eegamu hunda akka raawwatu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni rayyaa olaanoon, pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggantoota Afriikaa Zaadiig Abrahaa, bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir fi keessummoonni waamaman sgantaa xumuraa kanarratti argamaniiru.
Miidiyaaleen yaa’ii sirna nyaataa Dh.M.G lammaffaa Itiyoophiyaan keessummeessitu beeksisuu qabu-Dr. Maandafroo Nugusee
Jul 10, 2025 39
Adoolessa 03/2017(TOI)- Miidiyaaleen yaa’ii sirna nyaataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii lammaffaa Itiyoophiyaan keessummeessitu dursuunbeeksisuu akka qaban daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafroo Nugusee hubachiisan. Yaa’iin sirna nyaataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaan Adoolessa 20 amma 21 bara 2017 qophheessummaa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin nigaggeeffama. Bakka bu’oonni biyyoota 160 yaa’ii kanarratti akka argaman ni’eegama. Xiyyeeffannoon yaa’ichaas Invastimantii tiraanisfoormeeshinii sirna nyaataa fi faayinaansiin,hunda galeessummaa cehumsa srna nyaataa fi sirna ittigaafatamummaa waada galama gama raawwachuutiin jiru cimsuu kan jedhanidha. Mariin paanaalii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa fi inistiitiyuutiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa mata duree “mul’atarraa gochatti, imala cehumsa sirna nyaataa egeree fi hammataa Itiyoophiyaa” jedhuun qopheessan taa’amaa jira. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafroo Nugusee, itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa qonnaa Itiyoophiyaa Wandaallee Habtaamuu, hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee fi keessummoonni biroon waltajjicharratti argamaniiru. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafroo Nugusee wabiin nyaataa nama dhuunfaan, hawaasaan fi sadarkaa biyyaatti mirkaneessuun murteessaadha jedhaniiru. Galmi guddaan akka biyyaatti qabame birmadumaa nyaataa mirkaneessuu akka ta’e himaniiru. Birmadummaan nyaataa akkaataa nyaata itti oomishnu to’annaa keenya jala galchuu fi lammiileen kanneen biroorratti osoo hin hirkatiin ofiikenyaa sooruu danda’uu akka ta’e dubbataniiru. Cehumsi sirna nyaataa birmadummaa nyaataa kan ofkeessatti qabate ta’uu eeranii, mootummaan dhimmicharratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru himaniiru. Cehumsi nyaataa adeemsa oomishuurraa amma fayyadamtoota bira gahutti hojiin hundagaleessi hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan muuxannoowwan cehumsa sirna nyaataarratti qabdu waltajjii addunyaarratti dhiheessaa akka jirtu ibsaniiru. Yaa’iin sirna nyaataa Dh.M.G lammaffaan Itiyoophiyaatti taa’amuunsaa hojii Itiyoophiyaan cehumsa sirna nyaataaf raawwatteef beekamtii kan kennedha jedhan. Miidiyaaleenis yaa’ii sirna nyaataa Dh.M.G lammaffaa Itiyoophiyaan keessummeessitu kana duranii akka beeksisan waamicha dhiheessaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu itiyoophiyaa Seeifee Darribee imalli badhaadhinaa Itiyoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf murteessaadha jedhaniiru. Akka biyyaatti faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf oomishaan ofdanda’uurra darbee kanneen biroofis ta’uun birmadummaa nyaataa guutummaan mirkaneessuu qoonni qabu murteessaa ta’uu himaniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa qonna dabalatee ajandaawwan biyyaalesaa garagaraa irratti mariiwwan paanaalii gurguddoo qopheessaa akka jiru himanii mariin har’aas qaama ergama biyyaalessaa bahuuti jedhaniiru. Itiyoophiyaan riifoormiiwwan mandhalee tiraanisfoormeeshinii sirna nyaataan, wabii nyaataa irkaneessuu fi damee qonnaan taasifteen bu’aan galmeessifte yaa’icha akka keessummeessiftu filatamuusheef sababa ta’uun beekameera.
Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa ofiin kan hundeeffame ashaaraa namoomaa kaa’uuf xiyyeeffannoo kennuu qaba-irezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Jul 8, 2025 146
Adoolessa 01/2017(TOI)- Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa ofiin kan hundeeffame ashaaraa namoomaa kaa’uuf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee hubachiisan. Waldichi waggoottan 90 darban hojiilee namoomaa fi gootummaa wayitii Itiyoophiyaan rakkinarra turte raawwateef maqaa mootummaa Itiyoophiyaan galateeffataniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa waldichaa mata duree “shaaraa tajaajila namoomaa waggaa 90 irra cehe” jedhuun kabajameera. To’ataan olaanaa waldichaa pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, pirezidaantonni duraanii Saahilawarq Zawudee fi Dr. Mulaatuu Tashoomaa, itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo dabalatee hooggantoonni mootummaa, ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa, bakka bu’oonni dhaaabilee idil addunyaa fi keessummoonni waamaman saganticharratti hirmaataniiru. To’ataan olaanaa waldichaa pirezidaant Taayyee Atsqasulaasee ergaa dabarsaniin, wayita Itiyoophiyaan qormaatarra jirtu kan dhalate ibsituu garalaafinaa fi tola ooltummaati jedhaniiru. Gochi waldichaas gocha birmadummaa fi namoomaa Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhate ta’uu kaasaniiru. Itiyoophiyaan waliigalteewwan namoomaa idil addunyaa osoo hinfudhatiin duras hawaasichi hojii namooma qabatamaan kan jiraate duudhaa namoomaa fi garalaafinaa ibsituusaa kan godhate ta’uu dubbataniiru. Waldichi tumaalee idil addunyaa fudhatee kan hundaa’e ta’uu eeranii, qormaata birmadummaa akkuma hundaa’een Itiyoophiyaa mudate damdamachuuf carraaqqii taasifamumiseensonni waldichaa aarsaa qaamaa fi lubbuu kaffaluun maqaansaanii gootummaan akka kaafamu dubbataniiru. Ummanni fi mootummaan Itiyoophiyaa ashaaraa namoomaa kanaaf galata guddaa akka qabu ibsaniiru. Wayitii ammaa akka Addunyaatti Al-Seerumaa fi namoomaaa ala ta’uun dabalaa akka jiru, kan ibsan pirezidaantichi, gargaarsi namootaa laafuun agarsiistuudha jedhaniiru. Kana gidduugaleeffachuun Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo isaa fuuldura deeggarsa namoomaa ofiin raawwachuuf Dandeettii itti fufinsa qabu cimsachuun hojii hojjetamu ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti nyaataan of danda’uuf, innoveeshiniinof gahoomsuuf halkanii fi guyyaa akkuma tattaafannu, gargaaramummaa dhiisuun fi lammiiwwan keenya miidhaman humna ofiin deeggaruuf dhimma birmadummaa godhannee yaaduu qabna jedhaniiru. Kanaafis hirkatummaa gargaarsaa jiru irraa adda bahuun ofiin raawwachuu danda’uun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Kanaafis sirna hirmaanaa fi iftoomina qabu, itti gafatamumaa qabu, qulqullina yaada hawwii keenya madaalu hordofuu qabna jedhaniiru. Fuulduratti waldichi wagga 100ffaa yeroo kabaju, bu’uura hawaasummaa babal’isuun, qulqullina yaadaan, qarshii fi beekumsaan of danda’ee, bu’uura seeraa yericha gitu qopheessee, Itiyoophiyaarra darbee Sabummaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’e dhabbata guddaa ta’ee akka argamu xiyyeeffannnoon kennameera. Mootummaan Itiyoophiyaa deeggarsa waldichaaf taaassisu kaayyoo namoomaa duudhaa biyya keenya jiruun kan wal simu waan ta’eefi kan jedhan pirezidaantichi gargaarsi barbaachisu hunda kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Waldaan fannoo Diimaa Itiyoophiyaa caasaa isaa guutuu biyyaatti babal’isuun hojiiwwan namoomaa garaagaraa raawwachaa jiraachuu Pirezidaantiin waldichaa Abarraa Tolaa ibsaniiru. Waldichi kaayyoo isa galmaan ga’uuf gahumsa uumaa akka jiru eeruun, kanaafis deeggarsi mootummaa gudda ta’uu kaasaniiru. waldichi waggoota itti anaan kurnanitti lakkoofsa miseensotaa Miiliyoona 20n ga’uun baasii isaa mataa isaan danda’uuf karoora qabachuu beeksisaniiru
Diinagdee
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa muummee Veetinaam Hanooyitti balallii imaltoonaa haaraa eegale
Jul 10, 2025 46
Adoolessa 03/2017(TOI)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa muummee Veetinaam Hanooyitti balallii imaltoonaa haaraa eegaleera. De’eetaan ministira geejjibaa fi loojistiksii Dhangee Boruu, hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, hooggantoonni olaanoo daandii qilleensaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee daldalaa Veetinaam sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru. Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa torbanitti balallii imaltootaa al afur akka tasisu ibsameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo wayita kana akka jedhanitti, balalliin kun hariiroo biyyoota lamaanii niguddisa. Daandiin haaraan kun waljijjiirraa daldalaa, tuurizimii fi aadaa Itiyoophiyaa jidduu jiru kan guddisu ta’uu eeraniiru. Toorri haaraan kun Afriikaa fi kibba baha Isiyaa jidduutti walitti hidhanni kallattii akka jiraatu gochuun babal’ina tarsiimawaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa cimsuun hariiroo idil addunyaa kan guddisu ta’uu dubbataniiru. De’eetaan ministiraa geejjibaa fi loojistiksii Dhangee Boruu, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata agarsiiftuu milkaa’inaa ta’uu ibsaniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa karoorri dinagdee akka biyyaatti karoorfaman akka milkaa’an gumaacha taasisaa akka jiru kaasaniiru. Balalliin kun hariiroo biyyoota lamaanii akka guddisu dubbataniiru. Ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota biyyoota jiddugaleessa bahaa, Isiyaa fi paasfiikii Dawaanoo Kadir gamasaaniin, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa hariiroo dippilomaasiif qooda olaanaa bahaa akka jiru ibsaniiru. Balalliin biyyoota lamaan jidduutti eegalame faayidaa dinagdee olaanaa akka qabu himaniiru.
Forammiin carraa hojii uumuu Afriikaa walirraa barachuu fi omisha keenya beeksisuuf carraa nuuf uumeera – dargaggoota hojii uumtota
Jul 10, 2025 37
Adoolessa 03/2017(TOI)-Fooramiin carraa hojii uumuu Afriikaa 3ffaan Qopheessummaa Itiyoophiyaan gaggeeffame walirraa barachuu fi omisha isaanii beeksisuuf caarraa gaarii uumuusaa dargaggoonni Afriikaa hojii uuman dubbatan. Foramiin carraa hojii uumuu Afriikaa 3ffaan Guyyoota sadan darban magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture kaleessa xumurameera. Foramicha cinaatti dargaggoonni hojii uumtonni Afirikaa omisha isaanii egzibiishini irratti dhiheessan TOI’f yaada kennaniin, Foramichi walitti dhufeenya uumuu fi omisha isaanii caalaatti omishuuf galtee caalu kan itti argatanidha. Ugaandaa irraa kan dhufte Hundeessituun Emaro Innooveeshinii Kayikraa Barbira Akka jettetti, Omisha Qonnaa irratti galtee dabaltee qulqullina fooyyesuun gabaaf dhiheessuu dubbatteetti. Foramii Carraa Hojii Uumuu Afriikaa 3ffaa Itiyoophiyaatti gaggeeffame irratti hirmaachuun walitti dhufeenya uumuu fi qulqullina omishaa fooyyessuuf kan dandeessisu ta’uu ibsiteetti. imbaabuweerraa kan dhufte, Daarektarri Maajestikii Afriikaa Geetruud chambaatii gama isheen, omisha Qonnaa qindeessuun qabaaf dhiheessaa jiraachuu dubbatteetti. Foramiin carraa hojii uumuu Afriikaa walitti hidhata gabaa irra darbee walirraa barachuuf carraa kan uumee fi omisha beeksisuuf kan gargaare ta’uu ibsiteetti. Hirmaattoonni kun yeroo lammataaf Itiyoophiyaa dhufuu ibsuun, biyyittiin guddina ariifataa keessa jiraachuu arguusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaatti hojiiwwan carraa hojii dargaggootaa uumuuf mijatoo ta’an hojjetamaa jiraachuu hubanneerra jedhaniiru.
Kenni Tajaajila Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo Fooya’aa Dhufeera-tajaajilamtoota
Jul 10, 2025 34
Adoolessa 03/2017(TOI)-Kenni Tajaajilli Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo oolee bulee Fooya’aa Dhufuu tajaajilamtoonni yaadasaanii TOI’f kennan dubbatan. Taajaajilamtoonni TOI’f yaada kennan akka ibsanitti, Kanaan dura tajaajila argachuuf Mana Qopheessaa deddeebi’uun yeroo fi maallaqa isaanii qisaasaa turaniiru. Yeroo dhihootii asitti garuu, Tajaajiilli Mana Qopheessaa fooyya’aa dhufee tajaajila barbaadan dafanii argachaa jiraachuu dubbataniiru. Tajaajilamaan Obbo Barsiisaa Maaddeessaa Manni Qopheessaa Magaalichaa yeroo ammaa haala ammaan dura hin baratamneen tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennaa jira jedhaniiru. Guyyaa dhufanitti tajaajila argatanii galuu isaanii ibsuun, kenni tajaajilaa haala Kanaan itti fufuu akka qabu dubbataniiru. Eeyyama Ijaarasa Mana Jireenyaa fudhachuuf gara Mana Qopheessaa dhufuu isaanii kan dubbatan Barsiisaan, dhimma isaanii guyyaa tokkoon xumurachuu ibsaniiru. Akkasumas, obbo Baqqalaa Guutamaan waggoottan muraasa darban dhimma tokko xumurachuuf yeroo dheeraa deddeebi’uu kan gaafatu akka ture ibsaniiru. Isaanis Eeyyama Haaromsa Hojii Maashiinii barbaadanii dhufuusaanii fi guyyaa dhufanitti tajaajila argatanii deebi’uusaaniitti gammaduun ibsaniiru. Jiraataan Magaalichaa Biraan Dargaggoo Haacaaluu Baacaa gama isaan eeyyama Ijaarsa Manaaf mana qopheessaa dhaquu ibsanii, ammaan dura hanga guyyaa torbaa kan fudhatu guyyaa lamatti xumurachuu isaa ibseera. Hojjettoonni Mana Qopheessa yeroon wajjira seenanii maamiltoota keessummeesuu isaanii taajjabuu isaas dubbateera. Hojii gaggeessaa olaanaan Mana qopheessaa Magaalaa Amboo Obbo Sanyii Taassisaa akka ibsanitti, kenni tajaajilaa Mana qopheessaa Magaalichaa fedhii fi gaaffii Hawaasaa bu’uura godhachun oolee bulee tajaajila isaa fooyyessaa jira. Abbootiin Dhimmaa Tajaajila argachuuf yeroo Mana Qopheessaa dhufan otoo hin dedeebi’iin Tajaajila Qulqulluu fi Si’ataa akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Manni Qopheessichaa Kallaattii Mootumman Naannichaa ka’e bu’uura godhachuun Wixata, Roobii, fi Jimaata guyyaa abbaa dhimmaa jedhamee hojjettoonni hundi abbaa dhimmaa keessummeessu jedhaniiru. Kanaanis jijiiraaamni guddaan dhufuu ibsuun ammas dhimmoonni baay’ee fooya’uu qaban jiraachuu fi fuulduratti kenna tajaajilaa teekinooloojiin deeggaruuf tattaaffiin nitaassifama jedhaniiru. Hawaasni tajaajilamaanis guyyoota abbootii dhimmaa mana qopheessaa dhufanii tajaajila argachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf inisheetiivota hedduu bocuun hojii bu’a qabeessa hojjechaa jirti
Jul 10, 2025 36
Adoolessa 03/2017(TOI)- Itiyoophiyaan oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf inisheetiivota hedduu bocuun hojii bu’a qabeessa hojjechaa akka jirtu daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr Maandafroo Nugusee ibsan. Mariin Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “mul’atarraa gochatti, imala cehumsa sirna nyaataa egeree fi hammataa Itiyoophiyaa” jedhuun qophaa’ee sirna nyaataa Itiyoophiyaarratti xiyyeeffate taa’amaa jira. Qooda fudhattoonni dhaabbilee garagaraa irraa walitti dhufan waltajjicharratti hirmaachaa jiru. daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr Maandafroo Nugusee dubbii dubbataniin, dhalli namaa jiraachuuf kan isa barbaachisan keessaa qilleensa, bishaan, soorata akkasumas inarjiin ni’eeramu jedhaniiru. Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf soorata barbaachisu guutummaatti biyya keessatti oomishuu danda’uu ofkeessaa kan qabu ta’uu dubbataniiru. Itiyoophiyaan gama Kanaan inisheetiivota hedduu bocce hojiitti galuushee ibsaniiru. Damee Kanaan Itiyoophiyaan bu’aa quubsaa galmeessisuu isheetiin Adoolessa 20 amma 22 bara 2017 walgahii sirna nyaataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 2ffaa Finfinneetti akka keessummeessitu filatamuushee dubbataniiru. Itiyoophiyaan jijjiiramaan asitti sagantaawwan biyyaalessaa garagaraa cehumsa sirna nyaataa si’achiisan bocuun xiyyeeffannoon hojjechaa akka jirtu beeksisaniiru. Fakkeenyaaf inisheetiivonni maaddii guutuu, misooma Qamadii, ashaaraa magariisaa, soorata barattootaa, Itiyoophiyan haa oomishtuu akkasumas waadaa Saqoxaa eeraniiru. Yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi maddisiisaniin hojjetamaa kan jiran maaddii guutuun oomishtummaa aannanii, bbuuphaa, foonii qurxummii fi dammaa dabaluun lammiileen soorata madaalawaa akka argatan taasiseera. Yaa’iin sirna nyaataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Itiyoophiyaan keessummeessitu milkaa’inaan keessummeessuuf hojiin haal duree raawwatamaa jira jedhaniiru. Yaa’ichi milkaa’inaan akka xumuramu miidiyaaleen gabaasuudhaan hojjechuu akka qaban eeranii, waltajjiin har’aas qaama hojii kanaa ta’uusaa hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisan olaanaa TOI Seeyifee Darribee wayita kana, Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennitee hojii eegalteetti jedhan. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaas hojiilee bu’a qabeessa Itiyoophiyaan eegalte fulla’iinsa akka qabaatan hojiilee garagaraa hojjechaa akka jirtu dubbataniiru. Ashaaraa mgariisaa, maaddii guutuu, inisheetiivii qamadii dabalatee kanneen biroos bu’a qabeessa akka ta’an gabaasota hubannoo hawaasaa guddisan miidiyaalee garagaraan dabarsuun gumaacha gochaa akka jiru ibsaniiru. Waltajjiin har’aas imalli cehumsa sirna nyaataa fulla’aa fi hammataan Itiyoophiyaa akka dhugoomu faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramichi haala mijataa uumeera-Ministira Mufarihaat Kaamil
Jul 9, 2025 89
Adoolessa 02/2017(TOI)-Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramiin hojii uumuu Afriikaa haala mijataa uumuusaa Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Sagantaan xumuraa foramii hojii uumuu Afriikaa ministeerri hojii fi ogummaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheessee fi yaadannoo injifannoo Adwaatti taa’amaa ture gaggeeffamaa jira. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti ittigaafatamaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittiaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon saganticharratti argamaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan fayyadama dargaggootaa mirkaneessuuf hojjehaa jirti. Dargaggoonni biyyattii kan hojii uumanii fi fayyadamoo carraa hojii akka ta’an hojii hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu eeraniiru. Keessumaa carraalee hojii filmaataa bal’isuu, teeknooloojiiwwan fooyya’an damee garagaraan hubachiisuu fi hirmaannaa sochii dinagdee dargaggoo guddisuuf isaan ijoo ta’uu eeraniiru. Haala Kanaan foramiin carraa hojii uumuu guyyoota sadan darban taa’amaa ture dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhufeenyasaanii akka cimsan haala mijataa uumuusaa beeksisaniiru. Waltajjichi muuxannoo waliiqooduun gufuulee damee knaan mudataniif furmaata waloo barbaaduuf haalli dandeessisu akka uumaman gochuusa ibsaniiru. Foramichi kallattii fuulduraas akka kaa’e dabalanii dubbataniiru. Afriikaan misooma fulla’aa akka mirkaneessitu dinagdee, misoomaa fi bu’ura misoomaan walitti fiduun tumsa waloo fi carraaqqii akka gaafatu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan tumsa carraa hojii fi dameewwan garagaraan biyyoota Ardii Afriikaa waliin qabdu cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan gamaTeekinooloojiin Hojiin Hojjechaa Jirtu Dinqisiisaadha-Ministiroota Foramii Kalaqa Hojii Afrikaa Irratti Hirmaatan
Jul 9, 2025 55
Adoolessa 02/2017(TOI)-Itiyophiyaan guddina ishee saffisiisuuf gama Teekiniooloojiin hojii hojjechaa jirtu dinqisiisaa fi biyyoonni Afriikaa biroon muuxannoo kan irraa fudhatan ta’uu Ministiroonni Fooramii kalaqa hojii Afriikaa 3ffaa irratti hirmaatan ibsan. fooramii kalaqa hojii 3ffaa Ministeerrii hojii fi kalaqaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheesse Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ministiroonni, Dippiloomaatonni, Hayyoonni, Qorattoonni, Hojii Uumtonnii Biyyoota Afriikaa adda addaa irraa dhufanii fi bakka bu’oonni dhaabbilee Idila Addunyaa waltajjicha irratti hirmaachaa jiru. Hirmaattooni kaleessa waaree booda yaadannoo Injifannoo Adwaa, golambaa Saayinsii , Ministeera Hojjetaa fi ogummaa jala jiran daawwataniiru. Namoota daawwannichaa irratti yaada kennan keessaa Ministira Hojjetaa, hojii fi bobbii hojii Gaanaa Abdul- Rashiid Pelipuwoo, Magaalaan Finfinnee guddina Si’ataa irra jiraachuushee Arguusaanii dubbataniiru. Ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa guddina magaalittii saffisiisan ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan hojiiwwan guddina ishee saffisiisuuf eegalte Biyyoota Afriikaa biroof fakkeenyadha jedhaniiru. Ministirri Hojjeta Sudaan Kibbaa Jeneraal Jemsi Hoot Maayi gama isaaniin, Hojii teeknooloojii Itiyoophiyaan golambaa Saayinsii keessatti hojjechaa jirtu daawwachuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan Daawwataman Itiyoophiyaan Omishtummaa caalaatti guddisuuf Qonna Ammayyaa irratti karoora qabdu kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hojii Itiyoophiyaan eegalte wabii nyaataa Afriikaa waliin wal qabatee rakkoowwan ka’an furuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Itiyophiyaan hojii Misoomaa Biyyoota Afriikaaf muuxannoo ta’u raawwachaa jiraachuu Kan dubbatan ammoo walitti qabduu Boordii dhaabbata misooma Intarpiraayizoota xiqqaa fi jiddugaleessaa Maalaawii BonfiiskaaZamiiraadha. Dhaabbata Misooma Itarpiraayizoota xixiqqaa fi gidduugaleessaa Maalaawwiitti dura teessuun boordii Boonfiskaa Zaamiiraa ibsaniiru.
Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 5, 2025 258
Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Sagantaan “aadaa harak hojetuu” biroon hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Addis Miidiyaa Neetwoork waliin ta’uu qopheesse ifatti jalqabsiiseera. Af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil, walitti qabaan boordii Addis Miidiyaa Neetwoorkii fi paartii badhaadinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalachaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, hojii uumtonni, dargaggoonni, fi qooda fudhattoonni biroon saganticharratti argamaniiru. Sagantaan kun guyyaa 15tti al tokko ddis Miidiyaa Netwoorkiin kan dhihaatu yoo ta’u, yaadonni hojii uumuurratti dhaloota qaroomsan kan dhihaatan ta’uun himameera. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana, karoora gargaaramuu jalaa bahuun badhaadhinatti geessu qabannee hojjechaa jirra jedhaniiru. Karoorri qabanne kan milkaa’u cimnee yoo hojjenne qofa kan jedhan kantiibaa Adaanech, kanaaf ammoo biyyoonni hojjetanii jijjiiraman fakkeenya ta’uu qabu jedhaniiru. Hojii filachuu fi dadhabummaa jalaa bahuun akka barbaachisu haala Kanaan hawaasa hubachiisuun ittiyaadamuu qaba jedhaniiru. Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootii Gadaa dabalatee dhaabbileen dhaloota qaran aadaa hojii lammiilee jijjiiruuf hojii hubannoo uunuu ciminaan akka hojjetan himaniiru. Manneen barnootaa fi bakka hojiitti lammiilee dadammaqsuun cimuu qaba jedhaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamiil gamasaaniin, akka biyyaatti aadaa hojii guddisuuf sagantaan maree oomishtummaa hawaasaa hojeeffamaa akka jiru kaasaniiru. Sagantaan maree kun hawaasni dilbii naannawasaa jiru beekuu fi hojjechuun bu’a qabeessa akka ta’u ulaa kan banudha jedhan. Sagantichi aadaan hojii akka guddatu kan gumaachu tarkaanfii guddaa ta’uusaa dubbataniiru. Gootummaa yeroon gaafatu hojjechuudhaan jjjiiramuun ofdanda’uudha kan jedhan ministirittiin, harki hojii bare biyyas nama dhuunfaas niguddisu jedhaniiru. Xiyyeeffannoon yoo hojjetame aadaa hojiirratti jijjiiramni qabatamaan akka dhufu misoomni kooriidarii Finfinnee agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru. Iyya ceesisuuf hojii qajeelfama ittiin yaadan, ciminaan hojjechuu fi qaxalummaa gochuun tumsuu qabna jechuun cimsanii dubbataniiru. Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hoogganaan biiroo hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaa gamasaaniin, bara bajatichaa namoota hojii barbaadan kuma 366’f carraan hojii dhaabbataa uumamuufii dubbataniiru. Dargaggoonni yaada hojii uumuu qaban sirni yaadasaanii gochatti jijjiiran diriirfamuu eeraniiru.
Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera-Dargaggoota
Jul 4, 2025 201
Waxabajjii 27/2017(TOI)- Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera jechuun ibsan Dargaggoonni leenjii koodersii fudhatan. Biiroon Innooveeshinii fi Teekinoolojii Naannoo Sumaalee gama saatiin, dargaggoonni waktii Gannaa Boqonnaarra jiran leenjii koodarsii akka fudhatan qophii taassisuu isaa beeksiseera. Dargaggoota Leenjiin Itiyoo-koodarsi fudhatan keessaa Shirmaarkee Shekib Abdii, leenjiichi dargaggootaaf carraa gaarii waan ta’eef beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa akka argannu nu taassisaa jira jedheera. Beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argateen weebsaayitii uumuun hojii daldala dhuunfaasaa beeksisuuf fayyadamaa jiraachuu kaasuun, caaraa akkasii bilisaan argachuusaaf galateeffateera. Beekumsi argamu biyya irra darbee Sadarkaa Idil Addunyaatti kan barbaadamu waan ta’eef carraan kun dargaggoota biroo akka hin dabarre gorseera. Dabalataanis Dargaggoota Leenjicha argatan keessaa Abdiishukur Mahaammad Abdii fi Sekeriyyee Abdirehiman Alee, leenjiin koodersii gama hedduun faayidaa akka qabu beekumsaa fi dandeettii argannerraa hubanneerra jedhaniiru. Yeroon kun yeroo Teekinooloojii Dijiitaalaa ta’uu kan ibsan dargaggoonni barachuu, qophaa’uu fi yeroo waliin deemuun dirqama ta’uu kaasaniiru. Kanaaf , waqtii Gannaa Manni Barumsaa Idilee cufaa waan ta’eef dargaggoonni yeroo isaanii leenjii koodarsii fudhachuun akka itti fayyadaman hubachiisaniiru. Naannichatti Daarektarri Bulchiinsa Wiirtuu Odeeffannoo Abdii Aziiz Abdilaahii Leenjiin Itiyoo Koodarsii umuriin osoo hin daangessiin lammiilee hundaaf leenjii bilisaan kennamu beekumsa dijiitaalaa ta’uu fi hunduu carrichatti akka fayyadamu gorsaniiru. Keessumaa dragaggoonni beekumsa teekinooloojii yeroon barbaadu gonfachuun gahumsaa fi dorgomaa Idil Addunyaa ta’uuf leenjichi bay’ee akka isaan barbaachisu dubbataniiru. Naannichatti hanga ammaatti dargaggoonni kuma 48 ol leenjii Itiyoo koodarsii fudhatanii waraqaa ragaa fudhachuu ibsuun, dargaggoonni waqtii gannaa boqonnaarra jiran hundi leenjicha akka fudhatan waamicha dhiheessaniiru.
Ispoortii
Magaalichatti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera
Jul 8, 2025 138
Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banamuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dirreen ispoortii 122 fi bakkeewwan daa’imman itti tapahatan kuma 1 fi 155 kutaa Magaalotaa 11tti baasii birrii biiliyoona 5 oliin ijaaraan guyyaa hara’aa tajaajilaaf banamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee har’a ganama bu’uuraalee Misoomaa dirreewwanIspoortii fi bakkeewwan daa’imman itti taphatan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Naannoo Kondeemineemii Marii Loqqee fi Kolfee Qaraaniyootti Ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf banaa goodhaniiru. Saganticha irratti Kantiibaa Adaanech akka jedhanitti, Bulchiinsi Magaalichaa bara Baajataa 2017tti Pirojektoota kuma 15 fi 960 ijaaruun Xumureera. Bu’uuraalee Misoomaa Ijaaruuf Baasii Birrii Biiliyoona 5 bahe Keessaa Dhibbentaa 50 kan ta’u Jiraattonni Magaalichaa akka buusan Dubbataniiru. Bulchiinsi Magaalichaa waggoota lamaan darban bakka Daa’imman kuma 3 fi dhibba 800 ol itti taphatan ijaaruusaa ibsaniiru. Yeroo, Beekumsaa fi Hirmaannaa Hawaasaa Qindeessuun Daa’immanii fi dargaggootaaf dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiiwwan kun daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun gahoomanii akka guddataniif kan isaan dandeessisu ta’uu eeruun, gara fuulduraatti damee Ispoortiin waltajjii Ardii fi Addunyaa irrattii bu’aa fooyya’aa fiduuf qooda akka qabu eeraniiru. Hogannaan biiroo Dargaaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalichaa Balaayi Dajan gama isaaniin, bakkeewwan Shaakala Ispoortii Magaalichatti Ijaaraman dhaloota Qaamaa fi sammuun gahoomee biyya fudhatu ijaaruuf faayidaansaa olaanaadha jedhaniru
Waancaa Afriikaa dubartootaan Maaliin Taanzaaniyaa Mo’atte
Jul 8, 2025 94
Adoolessa 01/2017(TOI)- Tapha ramaddii sadii Waancaa Afriikaa dubartootaa 13ffaan Maaliin Taanzaaniyaa 1 fi 0’n mo’atteetti. Tapha Istaadiyoomii Berkanne Munisipaalitti taphatameen taphattuun sarara duraa Saraatuu Turaa’oree sa’aatii dabalataa tapha walakkaa jalqabaatiin goolii lakkoofsifteettii. Maaliin taphaan caalamtus goolii lakkoofte eegsisuun xumurteetti. Akkaataa qabxii kanaatiin Maaliin ramaddii sadiin qabxii sadiin sadarkaa lammaffaa qabattetti. Tapha jalqabaa ramaddii Kanaan gaggeeffameen waancaa Afriikaa ammatti kan ofharkaa qabdu Afriikaan Kibbaa Gaanaa 2 fi 0’n mo’atteetti. Garichas dursaa jirti. Itti fufuun ramaddichaan Gaanaan Maalii Waliin, Taanzaaniyaan Afriikaa Kibbaa waliin nitaphatu.
Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 524
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Piriimerliigiin Itiyoophiyaa Har’a Xumurama
Jun 26, 2025 408
Caamsaa 19/2017 (TOI)- Piriimerliigiin Itiyoophiyaa Bara 2017 Taphni Torbee 36ffaa Sihul Shiree fi Shaampiyoonaa Kan Ta’e Madin Itiyoophiyaan Har’a Taphataniin ni Xumurama. Taphni Garee Lamaanii Guyyaa Keessaa Sa’aati 10tti Istaadiyoomii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Nigaggeffama. Sadarkaa Liigii Olaanaatti Kan Gadi Bu’u Sihul Shireen Qabxii 22’n Sadarkaa !7ffaa Irra jira. Shaampiyoonaa Kan Ta’e Madin Itiyoophiyaan Taphoota 33 Amma Ammaatti Taphateen Al 21 Mo’atee 5 Mo’amee Al 7 Ammoo Walqixa Baheera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu qaba
Jul 9, 2025 94
Adoolessa 02/2017(TOI)-Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu akka qabu ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Ministeerri pilaanii fi misoomaa qophii yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaa Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa waliin ta’uun Qaam’ee 3 amma 5/2017tti jiddu gala konveenshinii Addis Intarnaashinaalitti keessummeessitu ilaalchisuun komishinii dinagdee Afriikaatti mari’achaa jira. Dhaabbileen idil addunyaa garagaraa fi bakka bu’oonni qaamolee deeggartootaa waltajjii marichaarratti hirmaachaa jiru. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa wayita kana akka jedhanitti, tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasiftuuf deeggarsi idil adunyaa cimuu qaba. Gumaachi Afriikaan faalama jijjiirama haala qilleensaaf taasiftu xiqqaa ta’us dhiibbaa uumamaa jiruun garuu giddaa miidhaman ta’uushee dubbataniiru. Sababa Miidhaawwan ongee, lolaa fi jijjiirama haala qilleensaa biroon gahaniin Afriikaan akka malee miidhamaa akka jirtu ibsaniiru. Afriikaa dhiibbaa kana qolachuuf tattaaffii gootuuf dhaabbileen idil addunyaa faayinaansii, teeknooloojii fi kanneen biroon deeggaruu qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaan teessoo gamtaa Afriikaa waan taateef hojii jijjiirama haala qilleensaa qlachuuf hojjechaa jirtu biyyoota biroof muuxannoo qooduun deeggarsa taasisaa jirti.
Tattaaffi Itiyoophiyaan dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruuf taasiftuuf BRICS beekamtii kenneera-Dr. Fitsum Asaffaa
Jul 9, 2025 67
Adoolessa 02/2017(TOI)-Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan tattaaffii Itiyoophiyaan dinagdee magariisa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf beekamtii kennuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Itiyoophiyaan yaa’ii Koop 30 Biraazilitti gaggeeffamurratti ajandaawwanshee ittisa jijjiirama haala qilleensaa ibsachuuf qophii gochaa akka jirtu eeraniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan Biraazil Riiyoo Dejenerootti taa’ameera. Jilli Itiyoophiyaa ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin durfame yaa’icharratti hirmaateera. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa hirmaannaa jilli kun yaa’icharratti taasise ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Yaa’ichi wayitii addunyaan jijjirama haala qilleensaaf amma barbaadamu deebii kennaa hinjirretti ejjennoon cimaa fi ifaa dhimmicharratti qabate Itiyoophiyaaf, riijinii fi Afriikaaf gaarii akka ta’e ibsaniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni jjjiirama haala qilleensaaf saaxilaman misooma cinaatti dinagdee magariisa hinmiidhamne ijaaruu akka qaban ibsuusaa himaniiru. Hawaasni addunyaa biyyoota jijjiirama haala qilleensaan miidhamaniif deeggarsa faayinaansii akka godhan waamichi taasifamuu dubbataniiru. Ajandaalee yaa’ichi irratti mari’ate keessaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf tarkaanfii biyyoonni fudhachaa jiran keessatti argama. Ministirittin ibsa kennaniin, hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa bosonaa fi bosona deebisuun misoomuuf sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu, hojiileen inarjii fi qonnaaf beekamtii kennuusaa ibsaniiru. Hawaasni addunyaa hojiilee Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf hojjettuuf faayinaansiin akka deeggaru gaafatamuusaa kaasaniiru. Beekamtiin Itiyoophiyaan tattaaffii dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf BRICS irraa argatte hiikoo guddaa akka qabu ibsaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii 30ffaan(Koop 30) Baatii Sadaasaa 2018 Biraaziil magaalaa Beelemitti taa’ama. Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun yaada Riiyoo Dejenerootti ibsite Koop 30 irratti ajandaa gochuun akka dhihaattu Dr. Fitsum Asaffaa eeraniiru. Paaviliyooniin hojiilee ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoon hojjechaa jirtu agarsiisaaf akka dhihaatu kaasaniiru.
Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad hojjettoota waajjira ministira muummee waliin ta’uun biqiltuu dhaaban
Jul 8, 2025 91
Adoolessa 01/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad hojjettoota waajjira ministira muummee waliin ta’uun biqiltuu dhaabaniiru. Ministirri muummee Ergaa karaa fuula marsariitiisaaniin dabarsaniin, dhaabuun bayyanachuu:har’a obboroo sagantaa keenya ashaaraa magariisaa ittifufuun hojjettoota waajjira ministira muummee waliin ta’uun biqiltuu dhaabnerra jedhaniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 5 sababa garagaraan manca’erra biqiltuun dhaabamaa jira-Waajjira qonnaa godinichaa
Jul 6, 2025 159
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaa godina Boorana Bahaatti lafa heektaara kuma 5 sababa garagaraan manca’erra biqiltuun dhaabamaa jiraachuu Waajjira qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti dursaan garee qabeenya uumamaa Aliyyee Arabaa sababa haala qilleensaa godinichaatiin biqiltuu dhaabuun kan eegalame walakkeessa Bitootessaarraa eegalee ta’uu dubbataniiru. Biqiltuu dhaabamaa kan jiru lafa heektaara kuma 5 sababa uumamaa fi namtolcheen manca’erra ta’uu dubbataniiru. Biqiltuun dhaabamu lafti manca’e akka lalisu gochuurra darbee ongeef akka hinsaaxilamne fulla’insaan damdamachuu hubannaa keessa galchuun hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Biqiltuu barana dhaabamaa jiran keessaa biqiltuu bosonaa, muka gaaddisaa, nyaata loonii akkasumas biqiltuuwwan muduraa keessaa Maangoo, Muuzii fi Zayituunaa akka ta’an himaniiru. Biqiltuun dhaabamu jiraattota godinichaa fi tola ooltota hirmaachisuun yoo ta’u, karoorri qabame amma milkaa’utti xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu himaniiru. Godinichatti bona baranaa sulula 99 keessatti lafa heektaara kuma 63 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii hojjetamuu yaadachiisaniiru. Kaayyoon misooma sululaa ongee fi naannoon akka hin mancaane ittisuurra darbee misooma fulla’aadhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan kennameef ta’uu ibsaniiru. Hojiin biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa sulula dabalatee biqiltuun uwwisuuf karoorfamee kan hojjetamedha jedhan.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 4058
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 3781
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.