Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Hojiin Qorannoo Hawaasni Horsiisee Bulaa qabeenya uumamaa isaa irraa fayyadamaa itti ta'u cimsee  itti fufa  
May 4, 2026 136
Ebla26/2018(ENA):- Yuunvarsiitiiwwan Jigjigaa,Gambeellaa fi Asoosaa hojii qorannoo hawaasni horsiisee bulaa qabeenya uumamaa naannoo isaatti argamu irraa caalaatti fayyadamaa itti ta'u cimsuun akka itti fufan beeksisan. Konfaraansiin Qorannoo horsiisee bulaa biyyaalessaa 2ffaan Mata duree “Horsiisee Bulaafi Barnoota” jedhuun qopheessummaa Yuunivarsiitii Gaambellaatiin gaggeeffameera. Saganticharratti Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitii Jijjigaa Dr. Sharmaarkee Jamaa akka jedhanitti, Yuunivarsiitiiwwan badhaadhina uumamaa naannolee horsiisee bulaa keessa jiran qorannoo fi qo’annodhaan deeggaruun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru. Yuunivarsiitichis hojii qorannoo damee kanaan gaggeeffamu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Gaambellaa Dr. Dirribaa Itichaa Hojiileen qorannoo fi qo’annoo kanaan dura naannolee horsiisee bulaatti carraa barnootaa mirkaneessuuf jalqabaman dameelee birootiinis cimanii akka itti fufan eeraniiru. Bakka bu'aa Pirezidaantii Qorannoo fi Ce’umsa Teeknoolojii Yuunivarsiitii Asosaa Dr. Abdiisaa Abbabaa Hojiin qorannoo fi qo’annoo Yuunivarsiitiiwwan naannolee Horsiisee Bulaatti qindoominaan jalqaban qabeenya uumamaa adda baasuun misoomaan akka fayyadamaa ta'an kan taasisudha jedhaniiru. Konfaraansii kanarrattis, Yuunivarsiitiiwwan damee kanaan qindoominaan hojjechaa jiran hojii fuulduraatiif muuxannoowwan galtee ta'an argachaa akka jiran ibsaniiru.
Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun nageenya naannoo eegsisuu fi misooma guddina waloof murteessaadha
May 4, 2026 101
Ebla 26/2018 (ENA): Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun nageenya naannoo Afrikaa bahaa eegsisuu fi misooma guddina waloof murteessaa ta’uu hayyoonni ibsaniiru. Akka hayyoonni ENA’n dubbise himanitti, gaaffiin hulaa galaanaa biyyattii dhimma lubbuun jiraachuu fi guddina naannooti.   Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataan diinagdee Dr. Dhugasaa Mulugeetaa gama isaaniin, Itiyoophiyaan karaa nagaa fi dippilomaasiitiin hula galaanaa argachuuf tattaaffiin taasiftu kan jajjabeeffatamu ta’uu himani. Hulaa galaanaa argachuun dhimma lubbuun jiraachuu akka ta’e ibsuun, hojii daldala al-ergii fi galtee akkasumas guddina hawaasummaa fi dinagdeef murteessaa ta’uu eerani. Akkasumas gaaffiin hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhugaa haqa qabeessa, seera qabeessa, seenaa fi teessuma lafaa irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Imaammanni Itiyoophiyaan hulaa galaanaa irratti qabdu qajeelfama walitti hidhamiinsa naannoo cimsuu fi faayidaa waloo irratti kan hundaa’ee fi nageenya itti fufiinsa qabuu fi misooma waloo biyyoota naannichaaf iddoo guddaa akka qabu eeraniiru. Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa qabeenya bishaanii kan ta’an Dr. Sisaay Dammaquu akka ibsanitti, bu’aan buufanni galaanaa qabu sochii meeshaalee daldalaa irra darbee yaa’insa yaadaa, teeknooloojii fi turizimiif haala mijeessuu keessatti qabu ibsaniiru. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa kanarratti gaaffiin abbummaa qabdu walitti hidhamiinsa naannoo Afrikaa Bahaa, nageenya cimaa, guddina diinagdee fi teeknooloojiitiif iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Gaaffiin hula galaanaa Itiyoophiyaa furmaata argachuun baasii loojistikii hir’isuu, dorgomtummaa daldala galtee fi al-ergii guddisuu, nageenya naannoo mirkaneessuuf carraa guddaa akka uumuus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti ni raawwata
May 2, 2026 334
Ebla 24/2018(ENA)- Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti akka raawwatu miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dadammaqsi filannoo walii galaa 7ffaa paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Fininneetti gaggeeffamaa jira. Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa Adaanech Abeebee, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee magaalaa Finfinnee Mogos Baalchaa, af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’uun dorgoman, miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa saganticharratti argamaniiru. Miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa fi kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee wayita kana akka jedhanitti, hundaa olitti abbaan aangoo ummatadha. Hirmaannaa fi tumsa ummataan alattti badhaadhina mirkaneessuun akka hin danda’amne dubbataniiru. Waggoottan darban paartiin badhaadhinaa hojiiwwan fayyadama ummataa mirkaneessan hedduu raawwachuusaa kan dubbatan kantiibaan kun, humni lafa kanaa badhaadhina Itiyoophiyaa hin dhaabne akka hin jirre ibsaniiru. Hojiileen misoomaa magaalattiitti hojjetaman eenyuyyuu kan hidaganne hunda kan ofkeessatti qabate ta’uu eeranii, hojiileen kunneen fayyadama dinagdee fi hawaasummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha jedhaniiru. Paartiin badhaadhinaa paartii waadaa gale eegudha kan jedhan kantiibaa Adaanech, akkaataa waadaa galeen maqaa gaarii magaalattii ijaaruusaa dubbataniiru. Paartiin badhaadhinaa fuulduras fayyadama ummataa mirkaneessuuf akka hojjetu waadaa galuun “badhaadhina Filadhaa” jechuun dhaamaniiru.
Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti hojiiwwan dippilomaasii dantaa biyyaalessaa ishee eegsisu gaggeessaa jirti - Ministeera Dhimma Alaa
Apr 30, 2026 999
Ebla 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti barbaachisummaa ishee guddisuu fi dantaa biyyaalessaa ishee eegsisan hojii dippilomaasii gaggeessaa jirti jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo. Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachow sochii dippilomaasii yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kennaniin, pireesidaantonni Burundii, Laayibeeriyaa, Moozaambiikii fi Sudaan Kibbaa torbeewwan darban keessa daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti taasisan yaadachiisaniiru. Hoggantoonni kunneen hariiroo biyyoota gidduu jiru daran cimsuuf daawwannaa isaaniin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad (Dr.) waliin marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan muuxxannoo ishee waliif qooduuf waliigalteewwan biyyoota lamaanii mallatteessuun hubannoo namtolchee, qonna, turizimii, ashaaraa magariisaa fi dameewwan biroon guddina olaanaa galmeessitetti waliin hojjechuuf waliif mallatteessuu ishee eeraniiru. Haaluma kanaan, Daawwannaa Ministiroota Dhimma Alaa Poorchugaal, Baanglaadeesh fi Oostiriyaa fi Ergamaa addaa Chaayinaa gaanfa Afrikaatti taasisanis eeraniiru. Kunis ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti qabdu akka gaariitti kan calaqqisiisu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Gidiyoon Ximootiyoos daawwannaa Iswiidinii fi Noorweeyitti taasisaniin hoggantoota hojii mootummaa akkasumas hoji gaggeessitoota dhaabbatichaa waliin marii bu’a qabeessa taasisaniiru jedhan. Itiyoophiyaan hojii dippilomaasii daldalaa fi invastimantii keessattuu anniisaa haaromfamuu danda’u, teeknooloojii, turizimii fi dameewwan biroo irratti waliin hojjechuuf kan dandeessisu raawwachuu ishee ibsaniiru. Itiyoophiyaan pirezidaantummaa Mana Maree Nageenyaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa haala gaariin raawwachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan Galooo Galaana Hormuuz irratti ajandaa marii akka dhiheessite eeruun, akkasumas dhimmoota nageenya ardiilee biroo irrattis yaada ishee ibsiteetti. Hariiroon biyyoota lamaanii, biyyoota hedduu fi hojiin dippilomaasii Itiyoophiyaa dantaa biyyaalessaa ishee eegsisuun dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti fudhatamummaa ishee akka dabalu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Hawaasummaa
Hojiin Qorannoo Hawaasni Horsiisee Bulaa qabeenya uumamaa isaa irraa fayyadamaa itti ta'u cimsee  itti fufa  
May 4, 2026 136
Ebla26/2018(ENA):- Yuunvarsiitiiwwan Jigjigaa,Gambeellaa fi Asoosaa hojii qorannoo hawaasni horsiisee bulaa qabeenya uumamaa naannoo isaatti argamu irraa caalaatti fayyadamaa itti ta'u cimsuun akka itti fufan beeksisan. Konfaraansiin Qorannoo horsiisee bulaa biyyaalessaa 2ffaan Mata duree “Horsiisee Bulaafi Barnoota” jedhuun qopheessummaa Yuunivarsiitii Gaambellaatiin gaggeeffameera. Saganticharratti Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitii Jijjigaa Dr. Sharmaarkee Jamaa akka jedhanitti, Yuunivarsiitiiwwan badhaadhina uumamaa naannolee horsiisee bulaa keessa jiran qorannoo fi qo’annodhaan deeggaruun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru. Yuunivarsiitichis hojii qorannoo damee kanaan gaggeeffamu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Gaambellaa Dr. Dirribaa Itichaa Hojiileen qorannoo fi qo’annoo kanaan dura naannolee horsiisee bulaatti carraa barnootaa mirkaneessuuf jalqabaman dameelee birootiinis cimanii akka itti fufan eeraniiru. Bakka bu'aa Pirezidaantii Qorannoo fi Ce’umsa Teeknoolojii Yuunivarsiitii Asosaa Dr. Abdiisaa Abbabaa Hojiin qorannoo fi qo’annoo Yuunivarsiitiiwwan naannolee Horsiisee Bulaatti qindoominaan jalqaban qabeenya uumamaa adda baasuun misoomaan akka fayyadamaa ta'an kan taasisudha jedhaniiru. Konfaraansii kanarrattis, Yuunivarsiitiiwwan damee kanaan qindoominaan hojjechaa jiran hojii fuulduraatiif muuxannoowwan galtee ta'an argachaa akka jiran ibsaniiru.
Dhaqabamummaa elektrikaatiif bal’isuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru
May 4, 2026 71
  Ebla 26/2018(ENA): Babal'ina dhaqqabamummaa elektrikaa mirkaneessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksiseera. Hojii raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Injiinar Geetuu Garramaa ENAtti akka himanitti, tajaajilichi dhaqqabamummaa elektiriikaa haqa qabeessa ta'e mirkaneessuuf hojiiwwan damee hedduun hojjeteen, bakkeewwan hedduu sarara guddaa/ giddu-galeessaa/ (giriidii) fi sarara giddu-galeessa dhaban haaraa fayyadamoo gochuun danda'ameera jedhani. Bara baajatichaatti baatiiwwan saglan darbanitti , magaalotaa fi gandoonni baadiyaa haaraa 103 tajaajila elektirikaa argachuu isaanii beeksisaniiru. Isaan keessaas 82 sarara elektirikaa guddaarraa (giriidii) irraa kan argatan yoo ta'u, warri hafan ammoo humna anniisaa aduutiin (off-giriidii) kan walitti hidhaman ta'uu ibsaniiru. Dhaqqabamummaa babal'isuu irratti baatiiwwan saglan darban keessatti maamiltoota haaraa kuma 423 fi 200 tajaajila humna elektiriikaa fayyadamoo gochuun akka danda'ame eeraniiru. Isaan keessaas kumni 31 fi 298 magaalotaa fi gandoota baadiyaa haaraa elektiriika argatan keessaa fayyadamoo kan ta'an ta'uusaanii ibsaniiru. Maamiltoota haaraa elektiriika argatan keessaas dhibbeentaa 74.2 kan ta'an fayyadamtoota lakkooftuu kaffaltii boodaa (post-paid) yoo ta'an, dhibbeentaa 25.8 kan ta'an ammoo fayyadamtoota lakkooftuu kaffaltii duraa (pre-paid) ta'uu isaanii hubachiisaniiru.
Adeemsa marii biyyaalessaa keessatti garaagarummaa mariitiin hiikuu keessatti gahee keenya bahachuuf qophiidha – Maanguddoota Biyyaa
May 4, 2026 79
Ebla 26/2018 (ENA): Maanguddoonni zoonii Shabalee magaalaa Godee adeemsa marii biyyaalessaa keessatti garaagarummaa mariin furuuf taasifamaa jiru keessatti gahee isaanii ba’uuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf adeemsa marii biyyaalessaa adeemsifamaa jiru keessatti dammaqinaan akka hirmaatan ibsaniiru.   Maanguddoo Sulxaan Qalib Sulxaan Di’iis Abdii akka ibsanitti, hojiin Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaan garaagarummaa mariin hiikuuf hojjetamaa jiru kan deeggaramee fi aadaa nagaa furuu kan cimsu ta’uu dha jedhani.   Maanguddoon Sulxaan Alii Abdiin gama isaaniitiin ENAtti akka himanitti, hojiin komishinichi nageenya Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi waliigaltee biyyaalessaa biyyattii keessatti dagaagsuuf hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas hojiiwwan Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa erga ajandaan qindaa’ee hojjechaa ture, garaa garummaa mariidhaan hiikuu fi biyya dhaloota egereef mijattu uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhani. Hawaasni carraaqqii komishinichi taasisutti fayyadamuun waldhabdee karaa qaroomina qabuun mariidhaan furuu qaba kan jedhan yoo ta’u, akkasumas hawaasni carraaqqii komishinichaa fayyadamuun waldhabdee karaa mariitiin furuu akka qabu kan gorsan maanguddoo Sulxaan Mahdii Huseen dha. Adeemsi kun garaagarummaa mariitiin hiikuun tokkummaa ummataa cimsuuf carraa guddaa ta’uu hubachiisuun, akka maanguddoo biyyaatti gahee isaan irraa eegamu bahachuuf qophii ta’uu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Diinagdee
Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun nageenya naannoo eegsisuu fi misooma guddina waloof murteessaadha
May 4, 2026 101
Ebla 26/2018 (ENA): Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun nageenya naannoo Afrikaa bahaa eegsisuu fi misooma guddina waloof murteessaa ta’uu hayyoonni ibsaniiru. Akka hayyoonni ENA’n dubbise himanitti, gaaffiin hulaa galaanaa biyyattii dhimma lubbuun jiraachuu fi guddina naannooti.   Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataan diinagdee Dr. Dhugasaa Mulugeetaa gama isaaniin, Itiyoophiyaan karaa nagaa fi dippilomaasiitiin hula galaanaa argachuuf tattaaffiin taasiftu kan jajjabeeffatamu ta’uu himani. Hulaa galaanaa argachuun dhimma lubbuun jiraachuu akka ta’e ibsuun, hojii daldala al-ergii fi galtee akkasumas guddina hawaasummaa fi dinagdeef murteessaa ta’uu eerani. Akkasumas gaaffiin hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhugaa haqa qabeessa, seera qabeessa, seenaa fi teessuma lafaa irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Imaammanni Itiyoophiyaan hulaa galaanaa irratti qabdu qajeelfama walitti hidhamiinsa naannoo cimsuu fi faayidaa waloo irratti kan hundaa’ee fi nageenya itti fufiinsa qabuu fi misooma waloo biyyoota naannichaaf iddoo guddaa akka qabu eeraniiru. Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa qabeenya bishaanii kan ta’an Dr. Sisaay Dammaquu akka ibsanitti, bu’aan buufanni galaanaa qabu sochii meeshaalee daldalaa irra darbee yaa’insa yaadaa, teeknooloojii fi turizimiif haala mijeessuu keessatti qabu ibsaniiru. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa kanarratti gaaffiin abbummaa qabdu walitti hidhamiinsa naannoo Afrikaa Bahaa, nageenya cimaa, guddina diinagdee fi teeknooloojiitiif iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Gaaffiin hula galaanaa Itiyoophiyaa furmaata argachuun baasii loojistikii hir’isuu, dorgomtummaa daldala galtee fi al-ergii guddisuu, nageenya naannoo mirkaneessuuf carraa guddaa akka uumuus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistiitiyuutiin Qorannoo kun  Qorannoo Medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesiseera
May 3, 2026 254
Ebla25/2018(ENA):-Kompileeksiin Laaboraatoorii Qorannoo Ammayyaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti ijaarame, qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesise giddugala madaallii olaanaa (excellence center) ta'uu isaa Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ibsaniiru. Minstirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad dhaabbaticha wayita eebbisan akka jedhanitti, dallaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti giddugalli ammayyaa ijaarame kun, ijaarsa bu'uraalee misoomaa irra darbee, Itiyoophiyaa of dandeesse fi fayyaalessa taate dhugoomsuuf kan hojjatu giddugala beekumsaa olaanaadha. Dhaabbatichi qorannoo gara imaammataatti, kalaqa immoo gara furmaata qabatamaatti jijjiiruun, oomisha qorichaan of danda'uuf, nageenya fayyaa fulla’aa mirkaneessuu fi hunda caalaa immoo milkaa'ina hanga ammatti galmeessisne caalaatti guddisuuf tarkaanfii guddaa gargaarudha jedhanii ibsuun isaanii ni yaadatama. Gidduugalli kun Ikkooloojii Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa kan banu dhaabbata qorannoo ammayyaa ta'uusaas mirkaneessaniiru. Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ENA’f akka ibsanitti, inistiitiyuutichi qorannoo dhukkubootaa, qorannoo laaboraatoorii fi sodaa fayyaa dhibeewwan weeraraa ka'an adda baasuuf dandeettii biyyaalessaa guddaa ijaareera. Dhaabbatichi teeknoolojii ammayyaa fi humna namaa leenji'een deeggaramee hojii qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu hojjachaa akka jiru eeraniiru. Kompilaaksiin qorannoo dhiheenya kana eebbifame bu'uraalee misoomaa Laaboraatoorii Ammayyaa fi humna namaa leenji'e kan hammate ta'uusaa ibsuun; sadarkaa qorannoo wal’aansa Itiyoophiyaa keessa jiru guddisee jira jedhaniiru. Dandeettiin dhukkuboota haaraa fi turan sirriitti adda baasuu isaa damee yaalaatiif deeggarsa guddaa gochaa jira jedhaniiru. Dhukkuboota akka weeraraatti ka'an qorannoon xiinxaluu fi adda baasuuf, akkasumas nageenya fayyaa uummataa eeguuf qophaa'ummaasaa cimsuu isaa daarektarri olaanaan kun eeraniiru. Toftaaleen qorannoo inistiitiyuutichi hordofu sadarkaa addunyaa kan eege ta'uun isaa Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane, Naannoo Gaanfa Afriikaatiifis faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Kompilaaksiin laaboraatoorii haaraa kun Laaboraatooriiwwan hedduu walitti kan qabate fi dandeettii biyyaalessaa guddaa kan uume ta'uu ibsuun; keessumaa dandeettiin xiinxala sanyii (Genetic analysis) gaggeessuu isaa qorannoowwan kanaan dura biyya alaatti ergamanii hojjetaman biyya keessatti akka hojjetaman kan taasisudha jedhaniiru. Giddugala kana keessatti hojiiwwan qorannoo fi xiinxala adda addaa dandeettii biyya keessaan hojjechuuf kan dandeessisan teeknoolojiiwwan ammayyaa adda addaa guutamuu isaanii ibsuun; amma sadarkaa Itiyoophiyaa irra darbee biyyoota Afriikaa tajaajiluu dandeessisuun hojiin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Dhaabbatichi jalqaba irratti dhukkuba lamxii /gogaa/ (leprosy) ittisuu fi to'achuuf kan hundeeffame ta'us, amma irratti dhukkuba Tiibii (TB) qoricha barate, busaa fi hojiiwwan qorannoo biroo hedduu gaggeessaa jira. Qorannoon alatti, qorichoonni biyya keessatti oomishaman qulqullina isaanii kan eeggatan akka ta'an gochuuf hojiin qorannoon adda baasuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Giddugalni qorannoo kun Laaboraatooriiwwan 40, kutaa jinoomiksii (genomics) fi baayio-infoormatiksii (bioinformatics) olaanoo, akkasumas giddugala baayio-Ikuuwiivaalensii (bioequivalence) qorichoota biyya keessatti oomishaman qulqullinaa fi dandeettii isaanii mirkaneessu kan hammateedha. Itiyoophiyaa fi guutuu Afriikaa keessatti babal'ina Ikkoosiistemii saayinsii fi ijaarsa dandeettiitiif madaallii haaraa kan kaa’e dhaabbatichi, iddoowwan leenjii fi qorannoof ramadaman qabachuu isaa ibsameera.
Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa, tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’eera
May 2, 2026 311
Ebla 24/2018 (ENA): Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’uu isaa itti aanaa ministira muummee duraanii fi eegaan olaanaa Amaanaa waldichaa obbo Dammaqaa Mokonnon himaniiru. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2004 kan hundeeffame yoo ta’u, yaa’ii Waliigalaa 21ffaa isaa gaggeessaa jira. Obbo Dammaqaa Mokonnon waltajjicharratti argamuun ergaa adabarsaniin, Waldaan kun qajeelfama Itiyoophiyaan dhaloota saayinsii ni ijaarti jedhu hojiirra oolchuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhani. Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutannoo mootummaatiin dhaabbileen akka Saayinsii Hawaa fi Inistiitiyuutii Ji’oospaasii guddina saayinsiitiif murteessoo ta’an haala qindaa’een hundeeffamaniiru jedhan. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa dargaggoota saayintistootaa fi astiroonoomaroota sadarkaa idil-addunyaatti beekamoo ta’an oomishuu himaniiru. Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti dargaggoota hedduu oomishuu fi hojiiwwan qorannoo abdachiisaa ta’an raawwachuu isaa hubachiisuun, sadarkaa addunyaatti dorgomtummaa isaa mirkaneessuuf hojiin dabalataa hojjetamuu akka qabu dubbataniiru. Warraaqsa dijitaalaa fi guddina hubannoo namtolchee waliin tarkaanfachuuf qonni saayinsii murteessaa ta’uu ibsuun, qophiin yeroon taasifamuu qaba jedhaniiru. Dargaggoota saayinsii fi astiroonomiitiin humneessuuf tattaaffiin taasifamu cimee biyyoota guddachaa jiran waliin damee kanaan qaawwa jiru dhiphisuu akka qabus hubachiisaniiru. Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Dr. Yishiruun Alamaayyoo akka ibsanitti, Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa guddina saayinsii hawaatiif imaanaa guddaa akka ta’e ibsaniiru. Saayinsiin hawaa dhimma birmadummaa, wabii nyaataa, dippilomaasii, fayyaa fi siyaasa idil-addunyaa ta’uu hubachuun, Saayinsii hawaa malee jiraachuun akka hin danda'amne ibsaniiru. Saayinsiin hawaa dinagdee fi jiraachuu biyyattii itti fufsiisuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhaabbileen adda addaa hawaasni dargaggoota misoomsuuf tattaaffii taasisaa jiru deeggaruun tumsaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusudha-Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
May 1, 2026 376
Ebla 23/2018 (ENA)- Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusuu fi hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjete teeknooloojii miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aa ifatti hojii eegalchiiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii kan si’achiisudha. Teekinooloojiin kun iftoomaa fi itti gaafatama kan buusu akkasumas hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu dubbataniiru. Murtee kennuufis gumaacha olaanaa akka qabu eeranii, akkasumas deebii hatattamaa kennuuf gargaaruudhaan dhaabbatichaaf humna guddaa akka uumu dubbataniiru. Kun ammoo guddina damichaaf gumaacha guddaa kan gumaachu ta’uu ibsanii, teekinooloojichi hojii akka eegalu qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa ittisuuf qooda guddaa qaba
May 1, 2026 318
Ebla 23/2018 (ENA)- Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuu fi qooda guddaa akka qabu daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanoot Zallaqaa ibsan. Sirni jalqabsiisa teeknooloojii sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’a Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjetee gaggeeffamaa jira. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Teeknooloojiin miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojiirra akka oolu godhamuunsaa hojiilee abbaa taayitichaa fi damichaa gara boqonnaa ammayyaa isa haaraatti kan ceesisu ta’uun ibsameera.   Daarektarri olaantuun abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa wayita kana akka jedhanitti, teeknooloojiin kun ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uuf gumaacha guddaa qaba. Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii hordoffii fi to’annoo miidiyaalee akka ammayyeessu ibsanii, sirna dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtuun kan wal simdha jedhaniiru. Hubannoo nam-tolcheen deeggaramuun tamsaasa odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuuf hojii hojjetamu bu’a qabeessa akka taasisu eeraniiru. Miidiyaaleen seera qabeessa ta’uusaanii mirkaneessuu fi sirna hordoffii fi to’annoo ifaa ta’e damee kanarratti gama diriirsuutiin qooda murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa Dr. Warquu Gaachanaa, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee kaasee hubannoon nam-tolchee hundaaf yaada jedhuun hojjechaa akka jiru eeraniiru. Hojmaata miidiyaalee ammayyeessuun qooda irraa eegamu bahachaa akka jiru ibsaniiru. Teeknooloojiin reegulaatoorii miidiyaa fi bulchiinsaa har’a ifoome gumaachi damee kanaaf gumaachu olaanaa ta’uusaa himaniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa Fakkeenyummaan kan eeramudha
May 3, 2026 217
Ebla25/2018(ENA):- Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa fakkeenyummaan kan eeramuu fi qabatamaa akka ta'e, Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuutii Guddina Magariisa Addunyaa (GGGI) fi Itiyoophiyaatti Qindeessaan haala Qilleensaa Jijjiirama,Sirna Nyaataa fi Niiwutiriishinii ibsan. Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuuticha Okeechukuu Dani’eel Ogibonayaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaan dhibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuun guddinni isheen galmeessisaa jirtu, Riijinicha misoomaan walitti hidhuuf humna dabalataa uumaa jira. Misoomni Dinagdee Magariisaa kun, gadi lakkifama kaarboonii hir'isuun, Carraa hojii babal'isuu fi Invastimantii hawwachuuf humna dabalataa uumuun isaa, muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu eeraniiru. Biyyattiin misooma anniisaa haaromfamuu kanneen akka Bishaanii, Bubbee fi aduun invastimantiiwwan gurguddoorratti gochaa jirtu, dinagdee jijjiirama qilleensaatiin hin sarbamne ijaaruuf akka ishee dandeessisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Qindeessaan Qilleensaa Jijjiirama, Sirna Nyaataa fi Niiwtirishinii Dooktor Kaffaalanyi Geetaahuun gama isaaniitiin, Misoomni Dinagdee Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, guddina jijjiirama qilleensaa giddugaleeffate ijaaruuf akka ishee dandeessisu eeraniiru. Kanaafis sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuu fi hojiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii oomishtummaan akka dabalu gargaaruu isaa kaasaniiru.   Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti rakkoo sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufe dandamachuuf humna ishee ijaaraa akka jirtu qindeessaan kun ibsaniiru. Itiyoophiyaan naannichaa misooma waliiniitiin walitti hidhuuf hojii isheen eegaltee jirtus kan jajjabeeffamu ta'uu isaa dabalanii ibsaniiru.
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 671
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan.   Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 442
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan.   Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17573
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 3159
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015