ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Marii Biyyoolessaan rakkooleen Bu’uurarraa hiikamanii Tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi fulla’aan akka bu’uuf qooda keenya ni baana-Jaarsolii biyyaa
Dec 16, 2025 7
Mudde 7/2018 (TOI)- Marii Biyyoolessaan rakkooleen bu’uurarraa furamanii tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi fulla’aan akka bu’uuf qooda keenya ni baana jechuun jaarsoliin biyyaa Miizan Amaan dubbatan. Komishinichi cabinsa siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa biyyicha keessa ture furuun, nageenyi fulla’aan akka dhugoomuuf of-danda’aa fi hirmaachisaa haala ta’een lammiileen akka marii’ataniif hojjechaa jiraachuun ni beekama. Kanaanis hanga ammaatti naannoolee 11 fi Bulchiinsota Magaalaa Lamatti hirmaattota adda baasuun Ajandaa fudhachuun adeemsi marii itti fufeera. Kanaan wal qabatee Jaarsolii Biyyaa Miizan Amaan TOI’n dubbise marii’atanii rakkoo furuu kan caalu akka hin jirre ibsaniiru. Dhimma biyyaarratti walitti dhihaachuun marii’achuun biyya dhalootaaf toltu, nageenyi kan itti bu’ee fi Hiyyummaa keessaa baate ijaaruun Itti gaafatamummaa hunda keenyaati jedhaniiru. Kanaanis marii biyyoolessaan rakkooleen bu’uurarraa hiikamanii tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi waaraan akka bu’uuf qooda keenya ni baana jechuun dubbatniiru. Jaarsolii biyyaa keessaa Liqa Haagar Habtamaariyaam Kaazinteet, boqonnaa qophiirraa eegalee tattaaffiin komishiniin marii biyyoolessaa bu’aa qabeessa akka ta’u jaarsoliin biyyaa qooda keenya ni baana jedhaniiru. Nageenya fulla’aa, misoomaa fi tokkummaa sab-daneessummaa Itiyoophiyaa cimsuuf , tattaaffiiwwan eegalaman abdii kan namatti horan ta’uu ibsuun, milkaa’inasaaf tumsaa fi deeggarsi hunda keenyaa barbaachisaa jechuun dubbataniiru. Akkasumas jaarsi biyyaa Mulgeetaa Tasfaayee, Nageenyi biyyaa kan cimu, misoomni kan mirkanaa’u marii’achuun, waliigaltee fi kaayyoo waloo qabaachuun hojjechuun ta’uu ibsuun, carraan marii bu’aa qabessa gochuu fi biyyaaf hojjechuu qabna jedhaniiru. Adeemsa marichaa hanga ammaatiin hirmaachisummaa gaaffii hedduuminaa kan dhaggeeffatee fi ajandaawwan kan keessummeesse ta’uu kaasuun haala furmaata fiduun xumuruun barbaachuisaa ta’uu ibsaniiru. Jaarsa biyyaa Abarraa Dastaa gamasaaniin, biyya dhaloota dhufuuf biyya mijattuu, tasgabbooftuu fi tokkummaanshee cime dhaalchisuuf adeemsa marii biyyoolessaa abdiin itti kenname milkeessuuf itti gaafatamummaa hunda keenyaati jedhaniiru. Komishiniin marii biyyoolessaa erga hundaa’ee eegalee boqonnaa qophiirraa eegalee hanga ammaatti hojii hedduu hojjechuunsaa ni yaadatama.
Boordichi taajjabdoota Biyya keessaa 45n filannoo waliigalaa 7ffaa taajjabaniif ragaa beekamtii kenneera.
Dec 16, 2025 7
Mudde 7/2018 (TOI)-Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa taajjabdoota filannoo waliigalaa 7ffaa taajjabanii fi ulaagaa warra guutaniif waraqaa ragaa kennuu beeksiseera. Boordichi ammaan dura adeemsa galmee taajjabdootaa si’ataa, gurmaa’insa ragaasaa ammayaa’aa gochuuf leenjii kaayyyeffate kennuunsaa ni yaadatama .
Giddugalichi oomishtummaa garbuu guddisuuf kan isa dandeessisu sanyii ka’umsaa baay’isuu gaggeessaa jira
Dec 16, 2025 12
Mudde 7/2018(TOI)- Giddugalli Qorannoo Qonnaa Sinaanaa oomishtummaa garbuu guddisuuf sanyii ka’umsaa baay’saa jiraachuu ibse. Gosoota giddugalichi kanaan dura qorannoodhaan gadhiisee ture keessaa gosoota boqqolloo fi garbuun biqilaa adda addaa 15 ni argamu. Hojii gaggeessaan jiddu galichaa obbo Taammanaa Miidhagsaa TOItti akka himanitti, giddugalichi wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu qorannoodhaan deeggaraa jira. Keessattuu, giddugalichi waggoota darban keessa qamadii, garbuu fi kanneen biroo saddeet irratti qorannoo gaggeessuun bu’aa qorannoo 116 fayyadamaa biraan ga’uu isaa yaadachiisaniiru. Giddugalichi sanyiiwwan qorannoon argate qonnaan bulaan biraan gahuu, naannoo lafa heektaara 200 gahu irratti sanyii ka’umsaa baay’isaa jiraachuu ibseera. Keessattuu qorannoo bu’a qabeessa waggoota darban gaggeessee fi naannoo uumamaa mijataa ta’e qabaachuu irraa kan ka’e, qindeessaa qorannoo garbuu biyyoolessaa ta’uun tajaajilaa akka jirus ibsaniiru. Giddugalli qorannoo kun, qorannoowwan sanyii garbuurratti gaggeeffaman qindeessaa akka jiru kan ibsan ammoo jiddu galichatti qindeessituu qorannoo garbuu biyyaalessaa aadde Hiwoot Sabsibeedha. Qonni Sinaanaa waggoota darban keessatti qonna garbuu irratti qorannoo milkaa’aa gaggeesseen, garbuu soorataa gosa sagal, gosa lamaa akaawiif fi garbuu biqilaa gosa afur fayyadamtootaaf dhiyeessuu isaa agarsiisaniiru. Gosoota garbuu soorataa giddugalicha irraa gadi lakkifaman keessaa gosootni ''Walashee'' fi ''Geessee'' jedhaman, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 65 kan argamsiisan ta'uu ibsaniiru. Akkasumas gosoota garbuu biqilaa "Singitanii" fi "Mo’ataa" kan fedhii warshaalee biqila barbaadanii guutanii, heektaara tokko irraa kuntaala 50 ol oomishuu kan dandeessisu argamuu eeraniiru. Aadde Hiwoot akka jedhanitti Sinaanaa dabalatee, biyyattii naannoolee adda addaatti giddugaloonni qorannoo argaman qorannoo taasisaniin, soorata irra darbee garbuun biqilaa kanaan dura biyya alaatii galfamu ture amma biyya keessatti oomishuun danda’amuu eeruun,kuni immoo sharafa alaaf baasii baafnu hambiseera jedhani.
Eenyummeessaan Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf murteessaadha
Dec 16, 2025 11
Mudde 7/2018 (TOI)-Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddiin ibsan. Galmee fi sosochiin hubannoo uumuu waraqaa eenyummaa Faayidaa dijiitaalaa biyyoolessaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddin akka ibsanitti Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa dinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf humna guddaa uuma. Faayidaan dubartotaaf, daa’immanii fi qaama miidhamtootaaf mirga wal-qixaa kan itti mirkaneessamuu fi meeshaa hojiin itti raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Haata’u malee dubartoota dabalatee kutaan hawaasaa hundi galmee Eenyummeessaa Faayidaa gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Daarektaarri Sagantaa Eenyummeessaa biyyolessaa Yoodaahee Aar’ayasillaasee gamasaaniin akka jedhanitti, mootummaan lammiin hunduu guutummaa guutuutti fayyadamaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa taasisuuf hojjechaa jira. Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa dinagdee ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu fi jiraataa lammii Itiyoophiyaa kan ta’e namni kamiyyuu eenyummaasaa kan itti ibsatuu fi mirgasaa kan itti mirkaneeffatudha jedhaniiru. Yeroo ammaa lammiileen hundi galmee Eenyummeessaa Dijiitaalaa taasisuu eeruun, fuulduratti gara godinootaa fi aanaatti gad- bu’uun hojiin galmee akka raawwatamu dubbataniiru. Sadarakaa biyyoolessaatti galmee Eenyummeessaa Faayidaa milkeessuuf hirmaannaan dubartootaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti lammiilee Eenummeessaaf galmaa’an keessaa dhibbentaan 40 dubartoota ta’uun beekameera.
Itiyoophiyaan Carraalee gabaa kaappitaalaa kaampaaniiwwan biyya alaaf banaa gochuunshee baay’ina Invstimantii ni guddisa-hojii raawwachiisaa olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Ruwaandaa Happelloo Tiishii’ol
Dec 16, 2025 16
Mudde 7/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan Carraalee gabaa kaappitaalaa kaampaaniiwwan biyya alaaf banaa gochuunshee baay’ina Invstimantii guddisuuf akka ishee gargaaru hojii raawwachiisaa olaanaan abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Ruwaandaa Happelloo Tiishii’olibsan. Gabaan kaappitaalaa Itiyoophiyaa adeemsa sirriirra akka jirus dubbataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Amajjii 2017 Itiyoophiyaatti gabaa sanada maallaqaa kan jalqabaa eegalchiisuunsaanii ni beekama. Gabaan sanada maallaqaa qama riifoormii man dhaleeti. Gabaa kana kan to’atu abbaan taayitaa gabaa kaappitaalaa hundeeffamee hojii eegaleera. Hojii raawwachiisaan olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Ruwaandaa Happeelloo Tiishii’ol, gabaa kaappitaalaa dabalatee dameelee garagaraa gabaa biyya alaaf banaa gochuunshee guddina dinagdee Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka qabaatu turtii TOI waliin taasisaniin ibsaniiru. Dureeyyiin biyya alaa gabaa kaappitaalaa keessatti hirmaachuunsaanii kaappitaala gabaa sanada maallaqaatiin argamu guddina dinagdeef fayyadamuuf akka gargaaru himaniiru. Invastimantii kallattii biyya alaa fi carraalee garagaraa bal’isuuf carraa gaarii akka uumu dubbataniiru. Gabaan kaappitaalaa guddina dinagdee fi misooms biyya tokkoof bu’ura akka ta’es ibsaniiru. Kaampaaniiwwan yookaan dhaabbileen gara gabaa kana dhufanii gabaa sanada maallaqaa irraa aksiyoona bituu fi gurguruu dabalatee filmaattota kaappitaalli ittiin argamu fayyadamuunsaanii guddina dinagdee walii galaaf qoodasaa akka bahatu himaniiru. Itiyoophiyaan gabaa kaappitaalaashee jijjiiruu fi biyya alaaf banaa gochuunshee bu’ura cimaa kaa’uurra darbee kaampaaniiwwan gara gabaatti akka dhufan gochuun damichi akka guddatu akka godhu ibsaniiru. Gama Kanaan tarkaanfiin imaammataa gabaa kaappitaalaa banaa gochuuf fudhatame gabaan kun caalaa akka bal’atu haala nijataa akka uumu himaniiru.
Siyaasa

Sirna gabaasaa dijitaalaa irratti hundaa’ee fi qindaa’aa hojiirra oolchuuf qophiin guutuun taasifamaa jira
Dec 15, 2025 151
Mudde 6/2018(TOI) - Sirna gabaasaa dijitaalaa irratti hundaa’ee fi qindaa’aa hojiirra oolchuuf qophiin guutuun taasifamaa jiraachuu ibsame. Waajjirri Muummee Paartii Badhaadhinaa gaggeessitootaaf otoomeeshinii hojiirra oolmaa dijitaalaa damee bulchiinsa tarsiimoo fi teeknooloojii odeeffannoo, karoora tokko, sirna gabaasa tokko irratti sagantaa leenjii kennuu eegaleera. Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti itti gaafatamaan hoggansa tarsiimoo fi teeknooloojii odeeffannoo ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir waltajjii leenjii godina Affaar magaalaa Samaraatti eegale irratti haasaa baniinsaa kan taasisan yoo ta’u, gabaasa bal’aa fi qindaa’aa qopheessuun sirna dijitaalaa hojiirra oolchuun barbaachisummaa waktaawaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis, karoora tokkoo fi gabaasa tokko irratti xiyyeeffachuun hojii eegalame cimsuun gabaasni bal’aa fi qindoominaan akka dhiyaatu hojiiwwan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Paartichi Damee Bulchiinsa Tarsiimoo fi Teeknooloojii Odeeffannoo yeroo hundeessu gabaasa bal’aa fi qindoomina ilaacha keessa galchuun ta’uu hubachiisaniiru. Kanaafuu tokkoon tokkoon dhaabbataa hojii hojjatu dijiitaala gochuun sirna waraqaa malee hojiirra oolchuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Hojiin kun haala madaalamuu fi lakkaa’amuu danda’uun hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru; leenjiin kun hojii dhaabbata tokkoon tokkoon isaanii cimsuu fi itti fufsiisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Leenjii kana irratti kan argaman itti gaafatamaan kutaa gurmaa’insaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Wol’oo Aayitilee akka jedhanitti, leenjiin kun hoggansi hojii isaa haala bu’a qabeessa ta’een akka raawwatuu fi dandeettii isaa akka guddisu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Leenjichi naannoo Affaar Samaraatti geggeeffamuun isaa daran kan nama kakaasu ta’uu ibsanii, muuxannoo wal jijjiiruun jijjiirama fooyya’aa fiduuf daran kan nama kakaasu ta’uu ibsaniiru. Leenjichi hojiiwwan damee tokkoon tokkoon isaanii keessatti raawwatamuu qaban adda baasuun, akkaataa barbaachisummaa isaaniitiin raawwachuu, madaallii hoggansa dhaabbilee dijiitaala gochuun raawwii ammayyaa mirkaneessuuf akka gargaaru ibsameera. Hoggantoonni waajjiraalee damee Paartii Badhaadhinaa naannolee hundarraa fi bulchiinsa magaalota lamaanii leenjicharratti hirmaachaa jiru.
Godinaalee wallaggaatti nageenya cimsuun fayyadamummaa misoomaa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifaman bu’aa qabatamaa fidaniiru.
Dec 13, 2025 384
Mudde 4/2018 (TOI)- Godinaalee wallaggaatti nageenya cimsuun fayyadamummaa misoomaa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifaman bu’aa qabatamaa fidaniiru jechuun jiraattonni Magaalaa Naqamtee fi Godinalee wallagga lixaa dubbatan. Matad uree “ Labsiiwwan Guubaa bu’aawwan mootummaa Ida’amuu” jedhuun Mariin hawaasaa Jiraattota Magaalaa Naqamtee fi Godina wallagga bahaa hirmaachise gaggeeffameera. Marii Hawaasaa kanarratti Bulchaan naannoo Beniishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti qindeessaa kilaastara misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu fi hoggantoonni Godinaalee, Aanaalee fi Bulchinsota magaalaa argamaniiru. Hirmaattota Waltajjichaa kan ta’an jiraattonni magaalaa naqamtee fi naannooshee yaada kennaniin , mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo naannichaaf kenneen nageenya cimsuuu fi hojii misoomaa raawwachuuf haalli mijataan uumameera jedhaniiru. Hirmaattota marichaa keessaa Jiraataa Magaala Naqamtee fi jaarsa biyyaa Sheeh Naasir Nuuruu akka ibsanitti, godinichatti waggoottan darban rakkoon nageenyaa mudatee ture dhabamee, hojiin misoomaa hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis pirojektoota gurguddoo dabalatee misoomni hawaasummaa fi Diinagdee hedduun raawwatamaa waan jiruuf mootummaan galateeffamuu qaba jedhaniiru. Hojiiwwan misoomaa magaalichaaf carra gaarii fidan kanneen akka buufata Xiyyaara, ijaarsa daandii konkolaataa Naqamtee-Buree, misoomni koriidaraa, suphaa Daandii Naqamtee-Amboo, waarshaa industirii qindeessa qonnaa akka fakkeenyaatti kan kaasan sheeh Naasir nageenya uumameen misoomichi hirmaannaa keenyaan itti fufa jedhaniiru. Jiraataan Aanaa Giddaa Ayyaanaa Damissoo Geetaachoo, hojiiwwan misoomaa naannichatti eegalaman itti fufinsa akka qabaataniif akka jiraataatti deeggarsa taassisan cimsanii akka ittifufan ibasaniiru. Dabalataanis Jiraataan Aanaa Eebantuu aanichi qabeenya dilbii qabu gara qabeenyatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaaf oolchuu qaba jechuun obbo Fiqaaduu Taammiruu ibsaniiru. Akkasuma jiraattuun aanaa Biilaa Aadde Shubbituu Galaan bu’uuralee misoomaa daandii dabalatee hojiiwwan misoomaa biroon akkaa hojjetamaniif nageenya naannoo keenyaa cimsinee eegganna jedhaniiru. Waltajjii marichaa kan gaggeessan Bulchaan Naannoo Beniishaangul Obbo Ashaadilii Hasan, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad labsiiwwan Guubaatti ifoomsan kan milkaa’an hirmaanna qindaa’aa hawaasaan ta’uu ibsaniiru. Waggoottan jijiiramaa darban qonnaan, daandiin, Barnootaa fi misooma Hawaasummaa fi Dinagdee biroon fayyadamummaa hawaasaa kan guddisan hojjetamaniiru. Fuuldurattis ummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun nageenya waaraa buusuun hojiiwwan misoomaa haala hunda galeessa ta’een akka raawwataman taassifamuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojiin misooma koriidaraa magaala Naqamteetti eegalame magaalicha jiijiiraa jiraachuu ibsuun kunis cimee akka ittfufuuf tattaafachuu qabna jedhaniiru. Gaaffiiwwan hirmaattota waltajjichaarra ka’an sirrii fi wayitaawaa ta’uu ibsuun qaammni mootummaa dhimmichi ilaallatu sadarkaa sadarkaan deebii akka itti kennu hubachiisaniiru. Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis Mootummaan naannichatti nageenyi waaraan akka bu’uuf xiyyeeffannoo kennee hojjechuusaan bu’an argameera jedhaniiru. Ministirri Muummee Boqonnaa malee Halkanii fi Guyyaa hojjechuun biyya keenya jijiiraa jiru, nuyis bakka jirrutti boqonnaa malee hojjechuun biyya keenya jijiiruu qabna jechuun ibsaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastara Misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu, naannichatti hojiiwwan misoomaa abdachiisoon hojjetamaa kan jiran waan ta’aniif hawaasni nageenyasaa cimsuun hojiiwwan kun itti fufinsa akka qabaatan gochuu akka qaban hubachiisaniiru. Gaaffiiwwan hirmaattonni waltajjichaa kaasan deebii ariifataa akka argatuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo kennee akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Milkaa’inoota qindoomina mootummaa fi ummataan argaman gabbisuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf ni hojjenna-jiraattota marii ummataa jimmatti gaggeeffamerratti hirmaatan
Dec 13, 2025 260
Mudde 4/2018(TOI)- Milkaa’inoota qindoomina mootummaa fi ummataan argaman gabbisuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf akka hojjetan jiraattonni marii ummataa jimmatti gaggeeffamerratti hirmaatanibsan. Kutaaleen hawaasaa godinaa fi bulchiinsa magaalaa Jimmaarraa walitti dhufan mata duree Labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun haala yeroo biyyaarratti marii gaggeessaniiru. Hirmaattonni yaada kaasaniin akka ibsanitti, jijjiiramaan asitti mootummaan milkaa’inoota misoomaa dinqisiisoo hedduu galmeessiseera. Misoomni magaalaa, hojiileen qonnaa baratti darban magaalaa jimmaatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophityaa badhaate dhugoomsuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf galmoota qabaman milkaa’uunsaanii eerameera. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii haasaa baniinsaa taasisaniin, bu’aaleen misoomaa qabatamaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsan galmaa’aniiru jedhaniiru. Gama qonnaa, Industirii, Turizimii, albuudaa fi dijitaalaan akkasumas carraa hojii gama uumuutiin dameelee misooma magaalaa fi kanneen biroonis hojiileen quubsaan hojjetamuusaanii dubbataniiru. Labsiiwwan Gubaa ministira muummee DR Abiyyi Ahimadiin labsaman bayyanachuu Itiyoophiyaa kan dhugoomsanii fi guddina biyyaa si’oomsuu kan dandeessisanidha jedhaniiru. Hojiileen hojjetaman bu’a qabeessa waan ta’aniif baandaan keessaa fi alagaan alaa gaaffii abbummaa ulaa galaanaa dhaabsisuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Injifannoowwan gurguddoo qindoomina mootummaa fi ummataan argaman dhamdhamachaa milka’ina caaluuf qophaa’uun akka barbaachisu eeraniiru. Kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar barreeffama ka’umsa mariif dhiheessaniin, jijjiiramaan asitti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii deebisuuf magaalaa Jimmaatti hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuu dubbataniiru. Gama carraa hojii uumuu, misooma magaalaa, bu’ura misoomaa babal’isuu, oomishtummaa guddisuun, fayyadama hawaasummaa fi dinagdee ummataa caalaa mirkaneessuutiin bu’aaleen quubsaan galmaa’aniiru. Gaaffilee bulchiinsa gaarii ummatatti dhihaachuun deebisuuf bulchiinsi gandaa hedduun gurmaa’uusaanii eeranii, gama nageenyaatiinis ummata hirmaachisuun bu’aaleen galmaa’uu dubbataniiru. Fuulduras dhiibbaa qaala;insa jireenyaa xiqqeessuuf, kenninsa tajaajilaa caalaa ammayyeessuu fi bu’uraalee misoomaa caalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon olaanaa kennamuu eeraniiru. Hirmaattonni yaada kaasaniin, jijjiiramaan asitti milkaa’inoonni akka misooma magaalaa, gama qonnaan ammo Qamadii, Shaayee akkasumas oomisha Ruuziitiin hojiileen baratti darban hojjetamaa jiru jedhaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabde abbummaan akka harkatti galfattu qoodasaanii akka bahan eeranii, dhaloonni sirriitti akka hubatu maneen barnootaatti hubannoon akka uumamu dubbataniiru. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee ijaarsaa naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii yada kennaniin, dhiibbaa qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon olaanaan taasifamuu eeranii, maaddii guutuu fi qonna magaalaatiin hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii furuuf bakka hundatti bulchiinsi gandaa diriirfamuu eeranii, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannicha bakkee shanitti gurmeeffamaa akka jiru eeraniiru. Itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo misooma Industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi waltajjicharratti akka jedhanitti, mootummaan fayyadama hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf misooma raawwacha akka jirudubbataniiru. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii, Itti aanaan Kntiibaa fi hogganaan biiroo misooma Industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi, Paartii badhaadhinaatti hoogganaan dame ijaarsaa waajjira damee naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii, bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir fi hirmaattonni magaalicharraa walitti dhufan waltajjicharratti argamaniiru.
Manni marichaa guddina ijaarsa sirna demokiraasiif qoodasaa bahuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibse
Dec 12, 2025 404
Mudde 3/2018(TOI)-Manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa ijaarsa sirna demokiraasii guddisuuf hojii hojjetamuu keessatti qoodasaa bahuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru beeksise. Manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa maneen maree waloo siyaasaa naannolee wajjin waltajjii maree gaggeessaa jira. Gabaasni waggaa kan bara 2017 fi karoorri bara 2018 Mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa fi maneen maree waloo naannoo dihaatee akka mari’atamu ibsameera. Walitti qabaan mana maree waloo paartilee Siyaasaa obbo Salamoon Ayyalaa wayita kana akka dubbatanitti, manni marichaa ijaarsa sirna demokiraasii biyyattiitti guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira. Manni marichaa nageenya waaraa biyyaalessaa mirkaneessuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin waliin hojjechaa akka jiru eeraniiru. Mariin biyyaalessaa akka milkaa’u ajandaa walitti qabuun dhiheessuu irraa eegalee komishinicha waliin hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Filannoon biyyaalessaa torbaffaan haqa qabeessa, of danda’aa fi iftooma kan qabu akka ta’u qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Biyyoonni Afriikaa Bahaa walitti hidhamiinsa riijinii fi mirkanaa’uu nageenya waaraaf kutannoon hojjechuu qabu
Dec 12, 2025 327
Mudde 3/2018 (TOI)-Biyyoonni Afriikaa Bahaa walitti hidhamiinsa riijinii fi mirkanaa’uu nageenya waaraaf kutannoon hojjechuu akka qaban barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo hubachiisan. Wal gahiin koree ambaasaaddaroota IGAD kaleessa Jibutiitti gaggeeffameera. Barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo fi miseensonni koree ambaasaaddarootaa walgahicharratti argamaniiru. Koreen ambaasaaddarootaa IGAD tarsiimoo IGAD A.L.A bara 2026 amma 2030tti turu raggaasiseera. Dabalataanis Koreen kun bajata IGAD 2026 irratti mari’achuun hojiitti akka galu murteesseera. Kallattiiwwan hojii fuulduraa dhaabbata riijinichaas akeekeera. Riijinii nagaa, walitti hidhamee fi qormaata damdamatu ijaaruuf tumsii fi kutannoon waloo biyyootaa miseensotaa murteessaa ta’uu barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqunaa Gabayyoo wayita kana dubbataniiru. Karaa wal qabateen Koreen ambaasaaddarootaa IGAD walgahichaan cinaatti ijaarsi waajjira muummee haaraan IGAD maalirra akka jiru ilaaleera. Ijaarsi bu’ura misoomaa kun dandeettii dhaabbatummaa fi tumsa waloo cimsuuf akka gargaaru barreessaan olaanaa kun dubbachuusaanii odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophyaa Sakireetaariyaatii IGAD irraa argate nimul’isa. Koreen ambaasaaddaroota IGAD ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatota biyyoota miseensaa dhaabbata riijinichaa ofkeessatti qabata. Hojiileen ijoo Koree kanaa IGADiin gorsuu, hordoffii fi deeggarsa hojiirra oolmaa imaammataa, hojmaata biyyoota miseensotaa qindaa’aa gochuu, yaada gorsaa fi yaadota murtoo dhiheessuu ykn rggaasuudha.
Mariin Biyyoolessaa carraa jireenya keessatti yeroo tokko qofaa argamuu kan danda’u waan ta’eef, milkaa'ina isaaf garaagarummaa malee hirmaachuu qabna - Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa
Dec 12, 2025 304
Mudde 03/2018(TOI)-Mariin Biyyoolessaa carraa jireenya keessatti yeroo tokko qofaa argamuu kan danda’u waan ta’eef, milkaa'ina isaaf garaagarummaa malee hirmaachuu qabna jedhe Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa. Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Yaa’ii Guutuu Biyyaalessaa (National Plenary) jalqabuuf qophii xumuraa jiraachuu marii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti gaggeeffameen beeksiseera. Marichaan dhimmoota naannoo Tigraay dabalatee hojiiwwan hafan tokko tokko saffisaan xumuramuu kan dandeessisanii fi yeroo gabaabaa keessatti konfiraansii Marii Biyyoolessaa eegaluu danda’an irratti mariin bal’aan gaggeeffameera. Marii naannoo Tigraayitti gaggeeffamuuf hojiin haaldureewwanii raawwatamuu haala qindaa’aa ta’een kan gaggeeffame yoo ta’u, waltajjiiwwan duraa adda addaa kan bulchiinsa yeroo fi qooda fudhattoota biroo hirmaachise gaggeeffameera. Akkasumas waltajjiiwwan kanneen irraas yaadni galtee gaarii ta’u argamuu himameera. Dabalataan, Komishiniin Marii Biyyaalessaa mala haala naannichaa jiru tilmaama keessa galche fayyadamuun, ajandaa naannichaa qindeessuun, hirmaattoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaa filachuun hojii hafe xumuruuf waliigaltee irra ga’uu isaa ibsameera. Kanaafis ummanni Tigraay guutuun, paartileen siyaasaa naannicha keessa socho’an, hayyoonni, dhaabbileen hawaasa siivilii fi qooda fudhattoonni dhimmi kuni ilaallatu hojii komishinichaa ajandaa isaa milkeessuu fi hirmaattota konfiraansii naannoo Tigraay filachuu irratti guutummaatti akka deeggaran ergaan dabarfameera. Mariin Biyyoolessaa seenaa keessatti al tokko qofaa argamuu waan danda’uuf,hunduu milkaa’ina isaaf tumsuu akka qabu dhaamaniiru. Har’as balballi nagaa banaa ta’uu ibsuun, humnoota hidhatanii naannoo adda addaatti walitti bu’iinsa keessa jiran dabalatee, qaamni dhimma siyaasaa qaba jedhu kamiyyuu ajandaa isaa Komishinii Marii Biyyoolessaaf karaa nagaa akka dhiyeessu irra deebi’anii waamicha dhiyeessaniiru. Aadaa siyaasaa keenya duubatti hafe bu’uuraan jijjiiruuf tattaaffii taasifamu keessatti namni hundi gahee isaa akka ba’uu fi Yaa’iin Marii Biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramu waamicha dhiyeessuun Manni Marichaa marii kana xumureera. Marii kana irratti Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, itti aanaa Afyaa’ii, Mana maree Bakka bu’oota uummataatti Ministira itti waamamaa mootummaa, Hogganaa fi itti Aanaa Hogganaa Komishinii Marii Biyyaalessaa, komishiniinaroonni hundi, hoggantoonni koree dhaabbii dhimma dimokiraasii fi qooda fudhattoonni biroo hirmaataniiru.
Nageenya amansiisaa Baha Itiyoophiyaa itti fufsiisuun, Piroojektoonni misoomaa jalqabaman karaa nageenya amansiisaan akka milkaa’aniif qindoominaan ni hojjetama
Dec 11, 2025 463
Mudde 02/2018(TOI)-Nageenya amansiisaa Baha Itiyoophiyaa itti fufsiisuun, Pirojektoonni misoomaa jalqabaman karaa nageenya amansiisaan akka milkaa’aniif qindoominaan akka hojjetamu itti aanaan ajajaa Iizii Bahaa Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee ibsan. Naannoolee ollaa Baha Itiyoophiyaa, bulchitoota godinootaa fi aanotaa,human waloo Nageenyaa nageenyaa fi tasgabbii irratti mariin gaggeeffameera. Kaayyoon marii kanaa humnoota nageenyaa godinootaa fi bulchiinsa magaalotaa daran cimsuu fi nageenyaa fi tasgabbii naannoo eegsisuuf akka ta’e himameera. Naannichatti nageenyaa fi tasgabbii itti fufsiisuuf hunduu tumsaan hojjechuu qaba jedhan Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayeen. Kessumaa naannichi bakka kontiroobaandiin itti hedduummatuu fi shororkeessitoonni nageenya booressuuf socho’an waan ta’eef, qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin ta’uun halkanii fi guyyaa nageenyaaf akka hojjetan ibsaniiru. Waltajjii marii kana irratti hoggantoonni nageenyaa fi komishinaroota poolisii naannoo Oromiyaa Godinoota Harargee Bahaa fi Lixaa, Godinoota Somaalee godinoota Siitii fi Faafen, bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa fi bulchiinsa magaalaa Maayaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo Ajaja Bahaa fi Poolisoonni Fedaraalaa argamaniiru.

Hawaasummaa
Marii Biyyoolessaan rakkooleen Bu’uurarraa hiikamanii Tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi fulla’aan akka bu’uuf qooda keenya ni baana-Jaarsolii biyyaa
Dec 16, 2025 7
Mudde 7/2018 (TOI)- Marii Biyyoolessaan rakkooleen bu’uurarraa furamanii tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi fulla’aan akka bu’uuf qooda keenya ni baana jechuun jaarsoliin biyyaa Miizan Amaan dubbatan. Komishinichi cabinsa siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa biyyicha keessa ture furuun, nageenyi fulla’aan akka dhugoomuuf of-danda’aa fi hirmaachisaa haala ta’een lammiileen akka marii’ataniif hojjechaa jiraachuun ni beekama. Kanaanis hanga ammaatti naannoolee 11 fi Bulchiinsota Magaalaa Lamatti hirmaattota adda baasuun Ajandaa fudhachuun adeemsi marii itti fufeera. Kanaan wal qabatee Jaarsolii Biyyaa Miizan Amaan TOI’n dubbise marii’atanii rakkoo furuu kan caalu akka hin jirre ibsaniiru. Dhimma biyyaarratti walitti dhihaachuun marii’achuun biyya dhalootaaf toltu, nageenyi kan itti bu’ee fi Hiyyummaa keessaa baate ijaaruun Itti gaafatamummaa hunda keenyaati jedhaniiru. Kanaanis marii biyyoolessaan rakkooleen bu’uurarraa hiikamanii tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi waaraan akka bu’uuf qooda keenya ni baana jechuun dubbatniiru. Jaarsolii biyyaa keessaa Liqa Haagar Habtamaariyaam Kaazinteet, boqonnaa qophiirraa eegalee tattaaffiin komishiniin marii biyyoolessaa bu’aa qabeessa akka ta’u jaarsoliin biyyaa qooda keenya ni baana jedhaniiru. Nageenya fulla’aa, misoomaa fi tokkummaa sab-daneessummaa Itiyoophiyaa cimsuuf , tattaaffiiwwan eegalaman abdii kan namatti horan ta’uu ibsuun, milkaa’inasaaf tumsaa fi deeggarsi hunda keenyaa barbaachisaa jechuun dubbataniiru. Akkasumas jaarsi biyyaa Mulgeetaa Tasfaayee, Nageenyi biyyaa kan cimu, misoomni kan mirkanaa’u marii’achuun, waliigaltee fi kaayyoo waloo qabaachuun hojjechuun ta’uu ibsuun, carraan marii bu’aa qabessa gochuu fi biyyaaf hojjechuu qabna jedhaniiru. Adeemsa marichaa hanga ammaatiin hirmaachisummaa gaaffii hedduuminaa kan dhaggeeffatee fi ajandaawwan kan keessummeesse ta’uu kaasuun haala furmaata fiduun xumuruun barbaachuisaa ta’uu ibsaniiru. Jaarsa biyyaa Abarraa Dastaa gamasaaniin, biyya dhaloota dhufuuf biyya mijattuu, tasgabbooftuu fi tokkummaanshee cime dhaalchisuuf adeemsa marii biyyoolessaa abdiin itti kenname milkeessuuf itti gaafatamummaa hunda keenyaati jedhaniiru. Komishiniin marii biyyoolessaa erga hundaa’ee eegalee boqonnaa qophiirraa eegalee hanga ammaatti hojii hedduu hojjechuunsaa ni yaadatama.
Naannichatti dhaloota Naamusaan Guutamee horachuuf hojjetamaa jiru
Dec 15, 2025 100
Mudde 6/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa dhaloota naamusaan Guutamee fi malaammaltummaa jibbu horachuuf Manneen Barnootaa waliin hojiin qindoominaa hojjetamaa jiraachuu komishiniin naamusaa fi Farra malaammaltummaa naannichaa beeksise. Komishinichatti Itti gaafatamaan Damee Biiroo Giddugaleessaa Obbo Jireenyaa Taaddasaa akka ibsanitti, dhaloota naamusaan guutamee fi malaammaltummaa irraa qulqullaa’e horachuuf Maneen Barnootaa qooda olaanaa qabu. Kanaaf dhaabbilee Barnootaa waliin qindoomuun gumii namusaa maneen barnootaatti akka dhaabbatuuf waliin hojjechuun malaammaltummaa ittisuurratti leenjiin kennamuu ibsaniiru. Gumichaan Ijaarsa naamusaa fi safuu irratti kan xiyyeeffate mariin gita gitaa gaggeessuun dhaloota malaammaltummaa jibbu horachuuf tattaaffiin taassifamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Barattoonni naamusa gaariin guutamanii lammii biyya fudhatu akka ta’aniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Aakka ibsa hogganichaatti naamusa gaariin guutamuu Barattootaa Maneen Barnootaattis ta’e hawaasa keessatti walitti dhufeenya qabaniin malaammaltummaa ittisuuf qooda gaarii qaba. Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Bahaa obbo Girmaa Lammaa gamasaaniin, Manneen Barnootaa Barattoota Beekumsaan gahoomsurra darbee dhaloota naamusa qabu horachuuf itti gaafatamummaa qabu . Kanaafis Maneen Barnootaa Godinicha jiran gumii naamusaa fi Lammummaa dhaabuun lammii naamusa gaarii qabu horachuu akka danda’aniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Maneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti gumiiwwan hundaa’an barattoonni turtiisaanii Mana Barnootaan qajeeltoowwan naamusaarratti hubannaa gaarii akka qabaatan gochuurra darbee bu’aa qabeessummaa barnoota saaniif qooda olaanaa gumaachuu eeraniiru. Kunis hojii baruu fi barsiisuu bu’aa qabeessa taassisuun human beekumsaan dorgomaa taassisuu akka uumamuuf kan isaan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Guyyaan Farra -malaammaltummaa Idil-Addunyaa bara kanaa yeroo 22ffaa mata-duree “ dhaloota naamusaan, Dhaabbata Hoj-maataan “ jedhuun sadarkaa sadarkaan kabajamuun ni yaadatama.
Dhibee Pooliyoo (Poliomyelitis)
Dec 15, 2025 108
Pooliyoon /Daa’imman kan laamshessu vaayirasii pooliyoon jedhamuun kan daddarbu yoo ta’u, baay’inaan daa’ imman waggaa shanii gadi ta’an miidha. Vaayirasiin dhibee Pooliyoo qaama miidhamaa umurii guutuu nama taasisuu kan danda’u yoo ta’u, darbee darbee immoo yeroo gabaabduu keessatti lubbuu balleessuu danda’a. Gosawwan infeekshinii Pooliyoo Mallattoo homaayyuu kan hin agarsiifne Vaayirasii pooliyoon warreen qabaman dhibbeentaan 90-95 kan ta’an mallattoo homaa kan hin agarsiifne dha. Garuu vaayirasicha daddabarsuu fi warreen kaan faaluu danda’u. Pooliyoo Xiqqoo(Minor) Namoonni qabaman dhibbentaa 4-8 kan ta’an, mallattoolee xiqqoo agarsiisuu malu. Mallattooleen kunneenis, guyyoota 2-5 turuu kan danda’an yoo ta’u, ho’ina qaamaa, mataa boowwuu, dhukkuba qoonqoo fi balaqqamsiisuu dha. Mallattooleen kunneen yeroo baay’ee guutummaa guutuutti dhabamuu danda’u. Pooliyoo Miidhaa Guddaa Geessisu(Paralytic) Infeekshiniiwwan dhibbentaa tokkoo gadi ta’an gara pooliyoo guddaatti jijjiiramu. Vaayirasiin kun sirna narvii miidhuun, dhukkubbii maashaalee fi maashaan akka tasaa dadhabuu fi laamsha'uu (Acute Flaccid Paralysis) fida. Kunis irra jirressaan, maashaalee harkaafi miillaa kan miidhu yoo ta’u,dhibbentaa 5-10 kan ta’u irratti immoo maashaalee afuura baafannaa miidhuun du’aaf saaxiluu danda’a. Karaalee Dhibeen Pooliyoo daddarbu Dhibeen Pooliyoo vaayirasii haala salphaan kan badu miti;gara qaama namaatti kan galu baay’inaan karaa afaaniiti. Karaaleen inni ittiin nama fayyaatti daddarbus, karaa bobbaa nama dhibee sanaan faalameen yoo ta’u, namni sanaan faalame bakka hin malletti yoo bobba’e karaalee bishaan dhugaatiifi soorata sanaan faalamaniifi qulqullina dhabuu irraan kan ka’e ta’uu mala. Dhibee Pooliyoo akkamiin ittisuun danda’ama? Pooliyoon dhibee daawaa hin qabne waan ta’eef,talaallii qofaan ittifama. Bara 1988 irraa eegalee talaallii pooliyoo kennamaa jiruun, addunyaa irraa namoota miliyoona 20 kan ta’an qaama miidhamtummaa irraa baraaruun danda’ameera. Tamsa’ina dhibee Pooliyoo ittisuuf maal gochuu qabna? Qulqullina harkaa eeggachuu;keessumaa mana fincaanii fayyadamanii,nyaata boodaafi duras harka ofii saamunaan sirriitti dhiqachuu. Bishaan qulqulluu dhuguufi soorata qulqullina qabu sirnaan qopheessanii soorachuu
Gurmaa’insi Gandaa Haaraan tajaajila Mootummaa dhiheenyatti argachuuf dandeessiseera
Dec 15, 2025 109
Mudde 6/2018 (TOI)-Gurmaa’insi Gandaa haaraan tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatan isaan dandeessisuu jiraattonni Godina Gujii ibsan. Kenniinsi tajaajilaa baasii fi yeroo qusachuurra darbee xiyyeeffannoo isaanii hojii misoomaarra akka taasifataniif carraa kan uume ta’uu tajaajilamtoonni ibsaniiru. Naannoo Oromiyaatti kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun, nageenya buusuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii yeroo dhihootti furuun, gurmaa’insi Gandaa haaraa erga hojiirra oolee bu’aan argamaa jira. Gurmaa’insi gandaa kun uummanni tajaajila mijataa fi si’ataa dhiheenyatti akka argatu kan dandeessisudha. Keessumaa fayyadamoo misoomaa ta’uunii fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii hirmaannaa hawaasaan deebii akka argatan gochuun faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Gurmaa’insa gandaa haaraa ilaalchisuun jiraattota yaada isaanii TOI’f kennan keessaa obbo Taaddasaa Baanataa akka jedhanitti, naannoo isaaniitti tajaajilli mootummaa dhaqqabamaa ta’uun tajaajiloota hawaasummaa argachuuf karaa dheeraa deemuurraa isaan baraaruu ibsaniiru. Gurmaa’insi Gandaa Naannoo Oromiyaatti eegalame godina isaaniitti hojiirra ooluunsaa hojii misoomaa fi nageenyaa naannoosaaniirratti mootummaa waliin wal-dubbisaa akka hojjetaniif carraa isaaniif uumuu dubbataniiru. Gurmaa’insi kun tajaajilli mootummaa akka saffisuuf deeggaruu fi jiraattonni yeroosaanii misoomarratti akka dabarsan taassisuu kan himani immoo jiraataama ganda kanaa kan ta’an obbo Taakkalaa Eeliyaasidha. Gurmaa’insi gandaa misooma itti fufsiisuu fi duudhaaleen aadaa akka dagaaganiif qooda mataasaa gumachuu dubbataniiru. Keessumaa waldhabbiiwwan adda addaa itti dhiheenyaa Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaan akka hiikamaniif manni murtii aadaa hojiirra ooluu ibsaniiru. Bulchiinsi Gandaa gaaffiilee bu’uuraalee misoomaa, tajaajila haqaa fi bulchiinsa gaarii dhiheenyaan deebii akka argataniif carraa kennuusaan fayyadamoo taassisuu dubbataniiru. Itti aantuun bulchaa Ganda Odaa Adoolaa aadde Duurettii Areerii, gurmaa’insi Gandaa haaraan waajjiraaleen hundi hammatamuusaaniin tajaajila hunda galeessa hawaasaaf dhiheenyatti kennuu danda’uu eeraniiru. Keessumaa gaaffiiwwan haqaa, nageenya, misoomaa fi bulchiinsa gaarii itti dhiheenyaan hawaasaaf deebisuuf qoodni gurmaa’insaa olaanaa dha jedhaniiru. Fakkeenyaaf Baatiiwwan shanan darban galmeewwan himannaa Mana Murtii Hawaasummaaatti dhihaatan 170 keessaa 150 deebii haqaa ariifachiisaa argachuusaanii himaniiru. Bu’uuraaleen Misoomaa Baadiyaatti daandiin, bishaan dhugaatii, Fayyaa fi Barnoonni ijaaramanii tajaajilaaf qaqqabuusanii eeraniiru. Carraa hojii dargaggootaa uumuuf bakki oomishaa fi gurgurtaa mijachuusaa akkasumas dhiheessiin sanyii filatamaa fi xaa’oo dhihaachuu ibsaniiru. Itti aanaan bulchaa Godina Gujii obbo Taaddasaa Buzunaa gamasaaniin, Godinichatti hirmaannaa Hawaasaan waajjiraaleen Gandaa 267 ijaaramuusaanii ibsaniiru. Tajaajilli haqaa ariifataan, dhaqqabamaa kennuuf mana murtii Aadaa 267 fi Mana Murtii oldabarfataa 13 hundeeffamuu ibsaniiru. Kunis hawaasa Godinichaa gaaffiiwwan nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsa gaarii dhiheenyatti deebii akka argataniif gargaaruu dubbataniiru. Gurmaa’insi Gandaa Haaraan haala jireenya hawaasa Godinichaa, aadaa hojii, Tajaajila haqaa, akkasumas, fedhii nageenyaa fi misoomaa bu’uura kan godhatedha jedhan.
Diinagdee
Giddugalichi oomishtummaa garbuu guddisuuf kan isa dandeessisu sanyii ka’umsaa baay’isuu gaggeessaa jira
Dec 16, 2025 12
Mudde 7/2018(TOI)- Giddugalli Qorannoo Qonnaa Sinaanaa oomishtummaa garbuu guddisuuf sanyii ka’umsaa baay’saa jiraachuu ibse. Gosoota giddugalichi kanaan dura qorannoodhaan gadhiisee ture keessaa gosoota boqqolloo fi garbuun biqilaa adda addaa 15 ni argamu. Hojii gaggeessaan jiddu galichaa obbo Taammanaa Miidhagsaa TOItti akka himanitti, giddugalichi wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu qorannoodhaan deeggaraa jira. Keessattuu, giddugalichi waggoota darban keessa qamadii, garbuu fi kanneen biroo saddeet irratti qorannoo gaggeessuun bu’aa qorannoo 116 fayyadamaa biraan ga’uu isaa yaadachiisaniiru. Giddugalichi sanyiiwwan qorannoon argate qonnaan bulaan biraan gahuu, naannoo lafa heektaara 200 gahu irratti sanyii ka’umsaa baay’isaa jiraachuu ibseera. Keessattuu qorannoo bu’a qabeessa waggoota darban gaggeessee fi naannoo uumamaa mijataa ta’e qabaachuu irraa kan ka’e, qindeessaa qorannoo garbuu biyyoolessaa ta’uun tajaajilaa akka jirus ibsaniiru. Giddugalli qorannoo kun, qorannoowwan sanyii garbuurratti gaggeeffaman qindeessaa akka jiru kan ibsan ammoo jiddu galichatti qindeessituu qorannoo garbuu biyyaalessaa aadde Hiwoot Sabsibeedha. Qonni Sinaanaa waggoota darban keessatti qonna garbuu irratti qorannoo milkaa’aa gaggeesseen, garbuu soorataa gosa sagal, gosa lamaa akaawiif fi garbuu biqilaa gosa afur fayyadamtootaaf dhiyeessuu isaa agarsiisaniiru. Gosoota garbuu soorataa giddugalicha irraa gadi lakkifaman keessaa gosootni ''Walashee'' fi ''Geessee'' jedhaman, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 65 kan argamsiisan ta'uu ibsaniiru. Akkasumas gosoota garbuu biqilaa "Singitanii" fi "Mo’ataa" kan fedhii warshaalee biqila barbaadanii guutanii, heektaara tokko irraa kuntaala 50 ol oomishuu kan dandeessisu argamuu eeraniiru. Aadde Hiwoot akka jedhanitti Sinaanaa dabalatee, biyyattii naannoolee adda addaatti giddugaloonni qorannoo argaman qorannoo taasisaniin, soorata irra darbee garbuun biqilaa kanaan dura biyya alaatii galfamu ture amma biyya keessatti oomishuun danda’amuu eeruun,kuni immoo sharafa alaaf baasii baafnu hambiseera jedhani.
Itiyoophiyaan Carraalee gabaa kaappitaalaa kaampaaniiwwan biyya alaaf banaa gochuunshee baay’ina Invstimantii ni guddisa-hojii raawwachiisaa olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Ruwaandaa Happelloo Tiishii’ol
Dec 16, 2025 16
Mudde 7/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan Carraalee gabaa kaappitaalaa kaampaaniiwwan biyya alaaf banaa gochuunshee baay’ina Invstimantii guddisuuf akka ishee gargaaru hojii raawwachiisaa olaanaan abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Ruwaandaa Happelloo Tiishii’olibsan. Gabaan kaappitaalaa Itiyoophiyaa adeemsa sirriirra akka jirus dubbataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Amajjii 2017 Itiyoophiyaatti gabaa sanada maallaqaa kan jalqabaa eegalchiisuunsaanii ni beekama. Gabaan sanada maallaqaa qama riifoormii man dhaleeti. Gabaa kana kan to’atu abbaan taayitaa gabaa kaappitaalaa hundeeffamee hojii eegaleera. Hojii raawwachiisaan olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Ruwaandaa Happeelloo Tiishii’ol, gabaa kaappitaalaa dabalatee dameelee garagaraa gabaa biyya alaaf banaa gochuunshee guddina dinagdee Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka qabaatu turtii TOI waliin taasisaniin ibsaniiru. Dureeyyiin biyya alaa gabaa kaappitaalaa keessatti hirmaachuunsaanii kaappitaala gabaa sanada maallaqaatiin argamu guddina dinagdeef fayyadamuuf akka gargaaru himaniiru. Invastimantii kallattii biyya alaa fi carraalee garagaraa bal’isuuf carraa gaarii akka uumu dubbataniiru. Gabaan kaappitaalaa guddina dinagdee fi misooms biyya tokkoof bu’ura akka ta’es ibsaniiru. Kaampaaniiwwan yookaan dhaabbileen gara gabaa kana dhufanii gabaa sanada maallaqaa irraa aksiyoona bituu fi gurguruu dabalatee filmaattota kaappitaalli ittiin argamu fayyadamuunsaanii guddina dinagdee walii galaaf qoodasaa akka bahatu himaniiru. Itiyoophiyaan gabaa kaappitaalaashee jijjiiruu fi biyya alaaf banaa gochuunshee bu’ura cimaa kaa’uurra darbee kaampaaniiwwan gara gabaatti akka dhufan gochuun damichi akka guddatu akka godhu ibsaniiru. Gama Kanaan tarkaanfiin imaammataa gabaa kaappitaalaa banaa gochuuf fudhatame gabaan kun caalaa akka bal’atu haala nijataa akka uumu himaniiru.
Omishtummaan Qamadii Itiyoophiyaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’udha
Dec 16, 2025 32
Mudde 7/2018 (TOI)-Hojiin misooma Qamadii Itiyoophiyaan bal’inaan hojjechaa jirtu Afriikaaf fakkeenya ta’uu Itti Aantuun Ministira Qonnaa Namiibiyaa Ruut Masaakee ibsan. Biyyoonni Afriikaa Omishtummaa Qonnaa guddisuuf tumsa waloo cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Omishni Qamadii Itiyoophiyaatti saffisaan guddachaa dhufe milkaa’inoota Qonna Afriikaa keessaa tokkodha. Wagoota kurnan hedduuf Itiyoophiyaan fedhii qamadii barbaaddu guuttachaa kan turte biyya alaarraa galchituun yoo ta’u, kunis sharafa Alaa olaanaaf Saaxilurra darbee fedhii biyya keessaa haala ga’aa ta’een hin guutu ture. Yeroo gabaabaa keessatti Qamadiin of danda’uurra gara alaatti erguutti kan ceete Itiyophiyaan damichaan bu’aa guddaa galmeessiteetti. Itti Aantuun Ministira Qonnaa, Qabeenya Qurxummii, Bishaanii fi Riifoormii lafaa Namiibiyaa Ruut Masaakee TOI waliin turtii taassisaniinm guddina Omisha Qamadii Itiyoophiyaa keessatti dabalaa dhufe raajeffataniiru. Omishtummaan Qamadii Itiyoophiyaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’uu fi biyyoonni biroon muuxannoo irraa fudhachuu akka qaban hubachiisaniiru. Namiibiyaan Inisheetivii misooma Qamadii Bonee hojiirra oolchaa jiraachuu ibsuun, kunis Misooma Qamadii Itiyoophiyaa waliin yoo ida’amu Afriikaan tattaaffiiwwan qindaa’aniin omishtummaa nyaataa guddisuu akka dandeessu kan argisiisudha jedhaniiru. Maasaakeen biyyoonni Afriikaa rakkoowwan damee qonnaan isaan mudatuuf furmaata bu’uuraa barbaaduuf waliin hojjechuu akka qaban kaasaniiru. Biyyoonni imaammata Qonnaa walsimsiisuu, deeggarsa Teeknikaa uumuu fi waliigaltee waloo taassisuun Qonna guddisuu fi guddina waloo galmeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Barnootaa fi Teeknikarratti Invast gochuun waljijiirraa Daldala Qonnaa Biyyoota Afriikaa gidduu jiru dabaluun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Itti Aantuun Ministiraa kun qaraxa dabalatee sochii Daldala Riijiinii Afriikaa fi hoj-maata dhaqqabamummaa nyaataa daangessan hanbisuun akka barbaachisu kaasaniiru. Biyyoonni Afriikaa Qonna jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi hojiiwwan omishtummaa faayinaansiin deeggaruu qabu jedhaniiru. Ogeeyyiin qonnaan bulaaf hojii qonnaarratti beekumsa wal jijjiiruu uumuu fi cehumsa Teekinooloojii gochuu akka qaban hubachiisaniiru.
Yunivarsiitichi Godina Harargee Bahaa fi Bulchiinsa Magaalaa Maayaaf sanyii filatamaa Qamadii deeggarsa taasise
Dec 15, 2025 110
Mudde 6/2018 (TOI)-Yuunivarsiitiin Haramaayaa Godina Harargee Bahaa fi Bulchiinsa Magaalaa Maayaaf sanyii filatamaa Qamadii misooma jallisii Boneef oolu deeggarsa taasise. Sanyii fooyya’aan kun dhukkubaa fi hongee dandamatee yeroo gabaabaatti kan gahu ta’uu dubbataniiru. Deeggarsicha itti aanaan pirezidaantii Qorannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa Yuunvarsiitii Haramayaa Dr.Yisaaq Yusuuf hoggantoota Godina Harargee Bahaa fi Bulchiinsa Magaala Maayaaf kennaniiru. Deeggarsi Godinichaa fi Bulchiinsa Magaalichaaf taassifame sanyii fooyya’aa Qamadii Kuntaala 600 ta’uu ibsaniiru. Moggaasa maqaa "Kiingi Bardi " jedhamu kan kennameef sanyiin Qamadiin fooyya’aan hanqina roobaa dandamachuun yeroo gabaabaatti oomisha bu’aa qabeessa ta’uu Dr. Yisaaq ibsaniiru. Deeggarsi sanyii filatamaa kun Godinaa fi Bulchiinsa magaalichaatti lafa heektaara 600 misoomsuun oomisha kuntaala kuma 18 walitti qabuuf kan dandeessisuu fi Misooma Jallisii Bonee naannichaaf kan oolu ta’uu dubbataniiru. Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Abdii Ahimad gamasaaniin ,misooma waktiiwwan Bonaa bara Kanaan misoomni Qamadii Jallisii lafa heektaara kuma 96 ol irratti misooma. Sochii hojii hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 47 ol qotamuusaa fi lafti heektaarri kuma 27 ol immoo hojiin sanyii facaasuu hojjetamuu dubbataniiru. Deeggarsa Sanyii fooyya’aa Yuunivarsiitiin Haramayaa taasise oomishaa fi oomishtummaa Qamadii Godinichatti guddisuuf akka gargaaru ibsuun, deeggarsa taasifameefis galateeffataniiru. Bulchiinsa magaalichaatti lafa heektaara 128 Qamadii Jallisii Boneen misoomsuuf qophiin xumuramuu itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Maayaa Obbo Zallaqaa Abdataa ibsaniiru. Deeggarsa Sanyii fooyya’aa Qamadii Yuunivarsiitichi taasisee oomishtummaa Qamadii Qonnaan Bulaan eegale guddisuuf humna dabalataa akka ta’u dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Eenyummeessaan Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf murteessaadha
Dec 16, 2025 11
Mudde 7/2018 (TOI)-Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddiin ibsan. Galmee fi sosochiin hubannoo uumuu waraqaa eenyummaa Faayidaa dijiitaalaa biyyoolessaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddin akka ibsanitti Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa dinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf humna guddaa uuma. Faayidaan dubartotaaf, daa’immanii fi qaama miidhamtootaaf mirga wal-qixaa kan itti mirkaneessamuu fi meeshaa hojiin itti raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Haata’u malee dubartoota dabalatee kutaan hawaasaa hundi galmee Eenyummeessaa Faayidaa gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Daarektaarri Sagantaa Eenyummeessaa biyyolessaa Yoodaahee Aar’ayasillaasee gamasaaniin akka jedhanitti, mootummaan lammiin hunduu guutummaa guutuutti fayyadamaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa taasisuuf hojjechaa jira. Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa dinagdee ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu fi jiraataa lammii Itiyoophiyaa kan ta’e namni kamiyyuu eenyummaasaa kan itti ibsatuu fi mirgasaa kan itti mirkaneeffatudha jedhaniiru. Yeroo ammaa lammiileen hundi galmee Eenyummeessaa Dijiitaalaa taasisuu eeruun, fuulduratti gara godinootaa fi aanaatti gad- bu’uun hojiin galmee akka raawwatamu dubbataniiru. Sadarakaa biyyoolessaatti galmee Eenyummeessaa Faayidaa milkeessuuf hirmaannaan dubartootaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti lammiilee Eenummeessaaf galmaa’an keessaa dhibbentaan 40 dubartoota ta’uun beekameera.
Leenjiin Itiyoo-Koodarsii dandeettii dijiitaalaa keenyaa guddiseera – Leenjifamtoota
Dec 16, 2025 20
Mudde 7/2018 (TOI)- Leenjiin Itiyoo-Koodarsii dandeettii dijiitaala isaanii fooyyessuun dorgomummaa isaanii guddisuu leenjifamtoonni Naannoo Beenishaangul Gumuuz dubbatan. Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kaayyoon leenjiin Itiyoo-koodarsii lammiilee Miiliyoona 5 ta’an galmoota dhibbentaa 100 Ministira Mummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kaa’aman keessaa tokko dha. Kunis dandeettii dijiitalaa lammiilee cimsuun dorgomaa fi kan gahooman isaan taassisuu lammiileen leenjicha fudhatan ibsaniiru. Naannoo Beenishaangul Gumuuz magaalaa Asoosaatti namoota leenjicha fudhatan keessaa Shaambal Bazzaabbih akka ibsanitti, innisheetifiin koodarsii miiliyoona 5, dandeettii dijiitaala lammiilee guddisuun human namaa qaroomee fi yeroon barbaadu uumuuf gargaara. Leenjichi ijaarsa dinagdee dijiitaalaaf faayida qabu dabalataan, beekumsa dijiitaalaa lammiilee dagaagsuun Appilikeeshiniiwwan(Moosaajii) teekinooloojiiwwan haaraa misoomsuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Koorsiiwwan inisheetifiin Itiyoo-Koodarsii Afran kan xumuree leenji’aa biroon Biraanuu Shittaanaa akka jedhanitti, inisheetifiin Itiyoo-Koodarsii lammiileen of- gahoomsuuf carraa gaarii uuma. Leenjichi hojii idileesaa guddisuu fi hojii dabalataa yeroo boqqonnaasaatti eegale bu’aa qabeessa taasisuuf dandeettii dabaluusaa dubbataniiru. Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti waggaa sadii keessatti lammiileen kuma 65n leenjicha akka fudhatan karoorri qabamee gara hojiitti galamuu daarektara Saayinsii, Teekinooloojii fi Ejansii Infoormeeshin Komunikeeshinii Yittaayyal Balaay ibsaniiru. Naannichatti hanga ammaatti lammiileen kuma 12 fi 200 ol leenjicha hordofaa jiraachuu kan ibsan daarektarri olaanaan kun, naannichatti hoggantoota olaanoon xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru. Leenjiin Itiyoo-koodarsi itti fayyadama teekinooloojii fooyyessuun dandeettii lammiilee guddisuurra darbee dijiitaala Itiyoophiyaa ijaaruuf karoora qabameef murteessa waan ta’eef hirmaannaa lammiilee kan gaafatu ta’uu ibaniiru. Naannichatti leenjii koodarsii haala qindaa’een adeemsisuuf dhaabbilee adda addaa waliiin wal tummsuun lammiileen leenjicha akka fudhan taassifamaa jiraachuu daarektaarri olaanaan kun eeraniiru.
Yunivarsiitichi teeknooloojiiwwan haaraa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira
Dec 16, 2025 18
Mudde 7/2018(TOI)-Yunivarsiitiin Aarbaa Minci teeknooloojiiwwaan adda addaa haaraa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiraachuu ibse. Yunivarsiistiin Aarbaa Minci sirna baruu fi barsiisuun dabalatatti, teknooloojiiwwan adda addaa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira. Yunivarsiitichatti itti aanaa Pirezidaantii Qorannoo fi Walta’iinsaa doktar Takiluu Wagaayyoo, dhaabbileen barnoota olaanoo tajaajila hawaasaa beekumsa irratti hundaa’e irratti hojjechuu akka qaban TOItti himaniiru. Yunivarsiitichi teeknooloojiiwwan adda addaa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiraachuu eeruun, kanaanis Gaamootti, Goofaatti, Baaskeettootti, Koonsootti,Gaardullaattiifi godinoota Aleetti hojiileen hawaasa fayydamoo taasisan hojjetamaniiru jedhan. Godina Gaamoo naannoo aanaa Kaambaa ganda Dingaamootti jiraattota 400 ol fayyadamoo kan taasise Pirojektiin anniisaa haaromfamaa kiiloowaattii 15 maddisiisu ijaaramee tajaajilaaf banaa ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Dhaabbilee hawaasummaa baadiyyaatti fayyadamoo humna ibsaa taasisuuf hojii hojjetameen buufataalee fayyaa 24 fi manneen barnootaa godinoota ollaa 19 soolaarii ykn anniisaa humna aduun hojjetu akka fayadaman taasifameera jedhan. Teeknooloojii oomisha warqee soorataaf ooluu hojjechuun ifaajii qonnaan bultootaa hambisuu eeraniiru. Teeknooloojiin kun kalaqamuun isaas carraa hojii namoota hedduuf kan uumu waan ta’eef, hawaasa soorata warqee qopheessan naannoo Sidaamaa fi Giddugaleessa Itiyoophiyaatti babal’isuuf hojjetamaa jira jedhan. Teeknooloojii muuzii gara daakuutti jijjiiru kalaquun, hawaasni soorata adda addaa qopheessuun fayyadamoo akka ta’an taasiseera jedhaniiru. Godinoota Gaamoo fi Wolaayittaa aanaalee sadii keessatti lafa heektaara 100 irratti baala Haleekoo ykn Shifarraa(Moriingaa) mala makaanaayizeeshiniin oomishaa jiraachuu eeruun, lafa asiidummaan miidhames xaa’oo uumamaa qorannoo fi qo’annoon argametti fayyadamuun wa’aanaa jiraachuu himaniiru. Bulchaan godina Goofaa Injiinar Daagmaawii Ayyalaa akka ibsanitti, Yunivarsiitiin Aarbaa Minci hojiiwwan hedduu hawaasa godinoota sana jala jiran Gazee Goofaa, Meloo Gadaa fi Meloo Koozaa fayyadamoo taasiseera. Keessattuu, itti fayyadama anniisaa aduu Buufata Fayyaa aanaa Meeloo Gadaa akka fakkeenyaatti kaasuun qulqullinaa fi dhaqqabummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru deeggaraa akka jiran eeraniiru. Yunivarsiitichi naannoo keenyatti dhiyoo kan jiru, laga Dingaamoo fayyadamuun ibsaa akka argannu nu taasiseera kan jedhan immoo bulchaa ganda Dingaamoo obbo Kadir Kaamaa dha.
Nageenya dijitaalaa mirkaneessuun bu’uuraalee misoomaa ijoo eeguuf hojjetamaa jira
Dec 16, 2025 25
Mudde 7/2018(TOI)- Bulchiinsi Nageenya Neetworkii Odeeffannoo, adda durummaan nageenya dijitaalaa mirkaneessuun, bu’uuraalee misoomaa ijoo haleellaa irraa ittisuuf hojjechaa akka jiru ibse. Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannootti Daarektarri Ittisa Saayibarii Mohaammad Farajaa akka jedhanitti, biyyi keenya haleellaa saayibarii, keessumaa kanneen bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an irratti xiyyeeffatan ittisuuf Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo hundeessitee hojjechaa jirti. Dabalataan, tarsiimoon dijiitaalaa 2025 ragga’e nageenya saayibarii akka fakkeenya tokkootti fudhachuun, bal’inaan irratti hojjechuun dhaabbileen inisheetivii mataa isaanii bocachuun of ittisuu kan dandeessisu hojiin hojjetamuu ibsaniiru. Akkasumas labsiin eegumsa odeeffannoo dhuunfaa bara 2024 ragga’e, abbootiin qabeenyaa bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an haleellaa saayibariif akka hin saaxilamne eeguun gargaarsa guddaa taasisaa jira jedhan. Kana malees wixineen labsii eegumsa bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti Bulchiinsi Labsiin Nageenya Neetworkii Odeeffannoon qophaa’ee akka jiru eeruun, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiyaatee bara kana ni raggaasifama jedhamee eegama. Kunis bu’uuraalee misoomaa ijoo eeguuf carraa guddaa kan uumu ta’uu TOItti himaniiru. Dabalataanis, sektaroota keessa rakkoolee maal maaltu jira? Kan jedhu hordofuun, rakkoolee sektaroota mudatan abbootii qabenyaa sektarootaa waliin ta’uun rakkoo sana hir’isuuf ni hojjetama jedhan. Inistiitiyuutichi hanqina dandeettii damee kanaa guutuuf, Yunivarsiitiiwwan gurguddoo waliin tumsa uumuun sadarkaa digrii lammaffaa fi sadaffaatti barnoota nageenya saayibarii kennaa akka jirus eeraniiru.
Ispoortii
Tapha waancaa Itiyoophiyaan Bunni Itiyoophiyaa fi Maqalee 70 Indartaan ni taphatu
Dec 15, 2025 103
Mudde 6/2018(TOI)-Tapha Waancaa Itiyoophiyaa marsaa 3ffaa Sagantaa xumuraan Buna Itiyoophiyaa fi Maqalee sabandartaa gidduutti har’a gaggeeffama. Taphni Gareewwanii guyyaa sa’aatii 9:30 Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffama. Bunni Itiyoophiyaa marsaa lammataan Magaalaa Adaamaa 2 fi 1n Injifateera. Morkataansaa Maqalee 70 Indartaan marsaa lammaffaan Faasil Kanamaa 1 fi 0n injifachuun marsaa 3ffaatti makamuuun ni yaadatama. Bunni Itiyoophiyaa Piriimar Liigichatti qabxii 11n sadarkaa 13ffaa qabateera. Maqalee 70 indartaan qabxii 5n sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gad- bu’aarra jira. Kilabiin Tapha har’aa injifate garee nuusa xumuraatti darbu kan xumuraa ta’a Kilaboonni lamaan Piriimar Liigii Itiyoophiyaa tobee 18ffaan waliin ni taphatu. Bunni Sidaamaa, Buna Beenchimaajii waliin, Machaal , walwaloo Addigiraat Yunvarsiitii waliin, Magaalaan Boodittii, Madin Itiyoophiyaa fi Nagallee Arsii fi kanneen biroon kilaboota xumuraaf Warra darbanidha.
Tapha Piriimar Liigichaan Maanchistar Yuunaayitid Boornimaawuz waliin taphata
Dec 15, 2025 105
Mudde 6/2018 (TOI)- Tapha Piriimar Liigii Ingiliz torbee 16ffaa sagantaa dhumaan Maanchistar Yuunaayitidii fi Boornimaawuz gidduutti har’a ni gaggeeffama. Taphichi galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Oltiraafoorditti gaggeeffama. Maanchistar Yuunaayitid qabxii 25n sadarka 8ffaa irra jira yoo ta’, Boornimaawuz immoo qabxii 20n sadarkaa 15 irra jira. Kilaboonni lameen piriimar liigichaaan kan walitti dhufan kun yeroo 17ffaadha. Taphoota 16 ammaan dura gaggeessaniin Maanchistar Yuunaayitid yeroo 9 yoo injifatu Boornimaawuz yeroo 4 injifachuun, yeroo Sadii qixa baheera. Maanchistar Yuunaayitid taphicharratti galchii 30 yoo lakkoofsisu, Boornimaawuz galchii 18 lakkoofsiseera. Taphoota Liigichaa 5 darbanitti walitti dhufeenya qabaniin Boornimaawuz taphoota 2 yoo injifatu, Maanchistar Yuunaayitid yeroo tokko injifateera. Taphoota lama hafan qabxii qooddataniiru. Gareewwan lamaan taphicharratti wal morkii madaalawaa gaggeessu jedhamee eeggama.
Tapha Piriimar Liigichaatiin Cheelsii fi Livarpuul injifataniiru
Dec 13, 2025 206
Mudde 4/2018(TOI)- Tapha Piriimar Liigii Ingiliz turban 16ffaatiin har’a eegalameera. Tapha Istaadiyeemii Istaamfoorditti gaggeeffameen Cheeliin 2 fi 0’n Evertaniin mo’ateera. Cheelsiin qabxii 28’n sadarkaasaa gara afraffaatti guddifateera. Everten qabxii 24’n saddettaffaarra jira. Tapha biraatiin Livarpuul 2 fi 0’n Biraayitaniin mo’ateera. Akkaataa qabxii kanaatiin mo’ataan Liigichaa kan yeroo Liivarpuul qabxii 26’n jahaffaa, Biraayiten qabxii 23’n sadarkaa jahaffaa, Biraayiten qabxii 23’n saglaffaarratti argamu. Halkan sa’aatii 5tti Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Wolvis waliin Istaadiyeemii Emereetisitti ni taphatu. Sana dura Barnileeyi Fulhaam waliin sa’aatii 2;30tti ni taphatu.
Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuu qabna
Dec 13, 2025 131
Mudde 4/2018(TOI)- Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuun akka barbaachisu himame. Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dirree Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxootti ijaarsise eebbisiiseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu akka dubbatanitti, Ispoortiin walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun aadaa waliin hojjechuu kan gabbisudha. Industiriiwwan oomishaalee garagaraa oomishuuf hojiilee hojjetu bu’a qabeessa gochuuf humni namaa oomishuu danda’u murteessaadha jedhaniiru. Humna namaa qaban sirnaan itti fayyadamuuf, bu’a qabeessa gochuu fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf lammii omishaa fayyaansaa eegame ijaaruun diqama ta’uu hubachiisaniiru. Dirreen Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxoo keessatti ijaarame hojjettoonni zoonii dinagdichaa fi hawaasni naannawichaa kan itti fayyadamu ta’uu beeksisaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa Qilinxoo Tolasaa Badhaadhaa gamasaaniin, dirreewwan Ispoortii kun hojjettoonni Ispoortii hojjechuun fayyaasaanii akka eegan ni taasisu jedhaniiru. Dirreen Ispoortii kun kubbaa miilaa fi kubbaa kochoo dabalatee akaakuuwwan Ispoortii biroo hojjechuuf kan oolan akka ofkeessaa qabu eeraniiru. Hogganaan waajjira federeeshinii kubbaa koochoo Finfinnee Alamneh Siyyum akka biyyaatti hawaasa fayya buleessa uumuuf babal’achuun dirree Ispoortii gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 105
Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 271
Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jira
Dec 11, 2025 171
Mudde 02/2018(TOI)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibse. Sagantaan Ahaaraa Magariisaa kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin jalqabame, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaan taasisaa jirtu keessatti gumaacha olaanaa bahateera jedhame. Sagantaan kun fayyadamummaa dhaloota ammaa kan mirkaneesse; dhaloota egereef ammoo abdii kan kenne yoo ta’u, carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessattis gahee isaa ba’ataa jira. Kanaaf yaa’ii haala qilleensaa addunyaa (COP-32) Biraazil magaalaa Beelam keessatti gaggeeffame irratti Itiyoophiyaan konfiraansii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa (COP-30) keessummeessuuf filatamuun ishee ni yaadatama. Ministeera Qonnaatti hojii gaggeessaa Misoomaa fi itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa fi Barreessaan Koree Teeknikaa Biyyaalessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Faanuusee Mokonnon akka jedhanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii gochaa jirtuuf deebii qabatamaa kennaa jira. Waggoota torba darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ol kan dhaabame yoo ta’u, kana keessaa dhibbeentaan afurtama kan biyya keessaa ta’uu eeruun, kanneen hafan ammoo gosa adda addaa akka ta’anis beeksisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiqama biyyee hir’isuun,gabbina biyyee eeguun,oomishaafi oomishtummaan haala olaanaan akka dabalu gumaacha guddaa buuseera jedhani. Akkasumas burqaan lafa jalaa dabaluun, misooma jallisiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoota darbanitti kuduraalee fi muduraalee nyaataaf oolan dabalatee biqiltuuwwan biroo bal’inaan kan dhaabaman, galii maatii fi soorata maatii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa akka qaban eeraniiru. Biqiltoonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman bosona ta’aa akka jiran, kunis oomisha dammaaf haala mijataa uumuun, namoota horsiisa kanniisaa irratti bobba’aniif faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Itti dabaluunis dameelee hedduu irratti carraa hojii bal’aa uumuun keessumattuu dargaggootaafi dubartootaaf dinagdee isaani guddisaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoowwan hongeef saaxilamoo fi lafa qullaa hafan gara naannoo oomishaatti jijjiiruun wabii nyaataa mirkaneessuun gumaachaa akka jiru hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan COP 32 akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisanidha
Dec 10, 2025 186
Mudde 1/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (COP 32) akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisu ta’uu Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih ibsan. Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa yaada ministrri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 eegalame nageenya lafa naannawaa eegsisuun gumaacha olaanaa taasisaa jira. Kana hordofuun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 30ffaa Biraaziil Baallamitti gaggeeffamerratti yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa(COP 32) akka keessummeessitu filatamuunshee niyaadatama. Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih TOI’f akka ibsanitti, hojiilee humna hayidiroo elektiriikii, ashaaraa magariisaa fi misooma magariisaa biroon hojjetamaniin bu’aaleen qabatamaa galmaa’aniiru. Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hojiin hojjechaa jirtu rakkinicha ittisuuf kutannoo qabdu akka agarsiisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti hojiileen damee dinagdee magariisaan, human haaromfamuu fi misooma bosonaan hojjetaman Itiyoophiyaan yaa’ii COP 32 qopheessuuf akka filatamtu gumaachuusaa ibsaniiru. Yaa’iiwwan jijjiirama haala qilleensaa biyyootaa fi sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin hirmaannaan guddaa Itiyoophiyaan qabdu filatamuusheef ulaagaalee gargaaran keessatti akka eeraman ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 928
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9530
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.