ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Nageenya naannoo keenyatti argame cimsuun hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufsiisna- Jiraattota Magalaa Gullisoo
Mar 19, 2026 59
Bitootessa10/2018(ENA)–Jiraattonni Godina Wallaga Lixaa magaalaa Gullisoo nageenya naannoosaaniitti buusuun hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufiinsa akka qabaataniif kutannoon akka hojjetan ibsaniiru. Waltajjiin marii kutaawwan hawaasaa adda addaa hirmaachise dhimmoota Nageenyaa, Misoomaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate Magaalichatti gaggeefameera. Jiraattonni magaalichaa maricharratti hirmaatan akka dubbatanitti, bu’uuraaleen misoomaa naannoosaaniitti ijaaramaa jiran yeroo qabameef keessatti xumuramuun tajaajilaaf akka dhaqqabaniif nageenyaaf xiyyeffannoo kennuun ni barbaachisa. Rakkoowwan nageenyaa fi bulchiinsa gaarii ammaan dura turan tattaafii qindaawaa ummataa fi qaamolee nageenyaan furmaata argachaa jiraachuusaaniis dubbataniiru. Jiraataan Magaalaa Gulisoo Sheek, Abduu Hasan, “Nageenya naannoosaanii cimsuun, hojiiwwan misoomaa itti fufsiisuuf qooda keenya ni baana” jedhaniiru. Kanaafis hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufinsa akka qabaataniif, hawaasa naannichaa waliin qindaa’uun tattaaffii taasisan akka cimsan ibsaniiru. Jiraataan magaalichaa biroon Obbo Taklee Moosisaa, yeroo ammaa qindoomina hawaasaa fi qaamolee nageenyaan nageenyi amansiisaan bu’eera jedhaniiru. Jijiiramni argame akka itti fufuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin tumsa keenya ni cimsina jechuun ibsaniiru. Waltajjii marii kana kan gaggeessan Bulchaan Godina Wallaga Lixaa, Obbo Taliilaa Tarrafaa, waggoottan darban rakkoo nageenyaa Godinichatti mudatee tureen hojiileen misoomaa saffisaa fi qulqullina barbaachisuun akka hin raawwatamne gufuu ta’ee turuusaa kaasaniiru. Yeroo ammaa qidoomina hawaasaa fi qaamolee nageenyaan nageenyi bu’aa kan jiru yoo ta’u, hojiiwwan misoomaa bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Nageenyi argame kun cimee akka ittifufuuf hawaasni nageenyasaa eeguun milkaa’ina hojiiwwan misoomaaf hirmaannaa taasisu akka cimsuuf waamicha dhiheessaniiru.
Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa Faayidaa Diinagdee Lammiilee Mirkaneessaa jira
Mar 19, 2026 43
Bitootessa 10/2018 (ENA): Ministeerri Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa akka ibsetti Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa magaalota keessatti hojiirra oole lammiilee naannoo galii gadi aanaan jiraataniif fayyadamummaa diinagdee mirkaneessaa jira jedhe. Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa sagantaa tarsiimoo lammiilee magaalota keessa jiran fayyadamoo taasisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf qophaa’edha. Kaayyoowwan ijoo sagantichaa keessaa lammiilee galii gadi aanaa qaban deeggaruun carraa hojii akka uummtan taasisuudha. Haaluma kanaan lammiileen hedduun hiyyummaa jalaa bahanii qabeenya uummachuu danda’aa jiru. Kunis waggaa sadi sadiin adeemsa leenjii keessa darbuun kan mirkanaa’edha. Deetaan Ministira Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa obbo Fantaa Dajan ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, sagantaan Misooma Seeftineetii Magaalaa misoomaa kanneen biroo waliin walqabatee hojiirra oolaa jira jedhani. Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa lammiilee galii gadi aanaa keessa jiraniif fayyadamummaa diinagdee mirkaneessuun hirkattummaa jalaa akka bahaniif kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas fayyadamtoonni sagantichaa qulqullina magaalaa fi miidhagina magariisaatiin carraa hojii mijeessuun jiraattota magaalaaf haala jireenyaa mijataa uumuu isaaniis ibsaniiru. Kunis miidhagina magaalotaa kunuunsuu, naannoo magaalaa ammayyaa ijaaruu, qonna magaalaaf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Erga Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa eegalamee kaasee lammiileen miiliyoona 1.3 ceessisuun danda’ameera jedhan. Bara baajataa 2018 ji’oota darban keessatti fayyadamtoonni Sagantaa Seeftineetii Misooma Magaalaa kuma 380 ce’uu ibsaniiru. Waggoota sadan dhufan keessatti lammiilee Sagantaa Seeftineetii Misooma Magaalaatiin uwwifaman guutummaatti ceesisuuf akka hojjetamu ibsaniiru.
Riifoormiin Diinagdee Mandhaalee Itiyoophiyaa biyyatti bakka gahumsa Invastimantii filatamtuu taasiseera
Mar 19, 2026 54
Bitootessa 10/2018(ENA): Riifoormiin Diinagdee Mandhaalee Itiyoophiyaatti hojiirra oole , biyyattii bakka gahumsa Invastimantii mijattuu taasisuurra darbee, diinagdeeshee gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisaa jiraachuusaa hojii gaggeessaan walii galaa Pirodaaktii Anmool Rajiib Shaarmaa ibsan. Hojii gaggeessaan walii galaa kun turtii ENA waliin taasisaniin, tarkaanfiiwwan fooyya’insaa mootummaan fudhate haala mijataa Dureeyyii Alaaf uume ibsaniiru. Haala mijataa Invastimantii Itiyoophiyaatti uumameen Dureeyyii Hindiif carraa bal’aa uumuusaa ibsaniiru. Keessumaa Ministirri Muummee Hindii Nareendiraa Moodii yeroo dhiheenya kana Itiyoophiyaatti daawwannaan taasisan tumsa biyyoonni lameen damee Invastimantii fi Industiriin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuusaa ibsaniiru. Biyyattiin fooyya’insa Diinagdee Mandhaaleen ammaan dura dureeyyii Alaaf cufaa kan turan dameelee daldalaa banuun dandeettii Invastimantiishee guddisuusaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Sababoonni Itiyoophiyaa bakka Invastimantii hawwataa taasisan baay’ee ta’uusanii itti dabaluun ibsaniiru. Kanaanis Bu’uuraaleen Misoomaa gurguddaan Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran Keessattuu ijaarsa buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu yeroo dhihoo eegalame, Sochii daldalaatiif haala mijataa dabalataa akka uumu ibsaniiru. Gama biroon gabaa biyya keessaa bal’aa fi fedhiin omishaa fi tajaajilaa olaanaan jiraachuu eeruun, humni namaa dargaaggeessi hojii Invastimantiif qophii kan ta’an jiraachuun , dandeettii biyyattii guddaa isa biroo ta’uusaa itti dabaluun ibsaniiru. Dureeyyiin kun eeyyama hojii, Viizaa fi tajaajiloota biroo Wiirtuu tokko keessatti haala qindaa’aa ta’een akka argatan taasifamuunsaa kutannoo mootummaan damee kanaaf qabu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru. Tarkaandfiiwwan sharafa Alaan fudhatameen,haala gabaa fayyaalessa uumuun dureeyyiin haala mijaataa dorgommii wal-qixaa akka argatanii fi dandeettiin dorgommiisaanii akka gabbifatan dandeessisuusaa dubbataniiru. Dureeyyiin buleeyyiin Itiyoophiyatti Invasti gochuun muuxannoo qaban dandeettii guddaa qaban Hawaasa Idil-Addunyaaf beeksisuurratti, gahee olaanaa taphachuu akka qaban eeraniiru.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Iid Al-Faxiriin isin gahe jechuun ergaa dabarsan
Mar 19, 2026 65
Bitootessa 10/2018(ENA)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Iid Al-Faxiriin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa baga geessanii fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, ayyaanni Iid Al-Faxir guyyaa wal ta’uun ifti gammachuu itti calaqqisu ayyaana guddaadha jedhaniiru. Soomanni Ramadaanaa guddichi amantaan gamatti akka waliif yaadnu nu taasiseera, soolaatni walitti nufideera, Ifxaarri maaddii tokkotti walitti nuqabaa tureera, walooma Itiyoophiyummaa keenya qabatamaan agarsiiseera jechuun ibsaniiru. Duudhaaleen Iid Al-Faxir dhala namaa hundaaf faayidaa qaban ijaarsa biyyaaf barbaachisoodha kan jedhan Itti aanaan ministira muummee, gamtaa fi wal gargaarsa yeroo soomana guddichaatti eegalame fullaasuun akka barbaachisu ibsaniiru. Seenaarraa akka hubanutti biyyi waloomaa fi tolummaan ala ijaaramuu hin dandeessu. Harki tolummaa rakkoo gara abdiitti, imimmaan gara kolfaatti waan jijjiiraniif tolummaaf jabaachuun ni barbaachisa jechuun ibsaniiru. Itiyoophiyaa sabdaneessa taateef waldanda’uu fi miidhagina garaagarummaa keessa jiru faaya godhachuun addunyaa fuulduratti dammaqinaan mul’achuun Itiyoophiyaa boruuf abdii ifaaf galaa akka ta’es ibsaniiru. Imalli misoomaa Itiyoophiyaa fulla’aa akka ta’u, lammiilees itti fayyadamaa haqa qabeessa akka godu hundi keenya biyya keenyaaf waan dandeenyu hunda haa goonu jechuun itti aanaan ministira muummee daamaniiru. #Ena Afaan Oromoo#TOI#ENA
Naannoo Somaaleetti ijaarsi pirojektoota adda addaa ummata fayyadan qulqullinaa fi saffisaan hojjetamaa jiru
Mar 19, 2026 65
Bitootessa 10/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad hojii ijaarsa bu’uuraalee misoomaa naannichaa qulqullinaa fi saffisaan xumuruuf hojjetamaa jira jedhan. Obbo Musxafaan adeemsa ijaarsa daandii asfaaltii Taayiwaan kiiloo meetira 1.2 magaalaa Jigjigaa keessatti ijaaramaa jiru daawwataniiru. Ijaarsi daandii kanaa kallattii magaalattii adda addaa kan walqunnamsiisuu fi deemsa geejjibaa akka mijeessuus ibsaniiru. Kanaaf daandiin kun qulqullinaa fi saffisa yeroo qabameefiitti xumuramaa akka jiru daawwannaa isaaniitiin mirkaneessuu ibsaniiru. Magaalota naannichaa adda addaa keessatti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qulqullinaa fi saffisaan xumuruuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Kanaaf ijaarsi pirojektoota ummata fayyadamoo taasisan magaalaas ta’e baadiyyaatti cimee itti fufuu mirkaneessaniiru.
Siyaasa
Mirga dimookiraasii keenyatti fayyadamuun, filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophiidha - Dubartoota Magaalaa Ciroo
Mar 18, 2026 609
Bitootessa 9/2018 (ENA): Dubartoonni Magaalaa Ciroo hirmaannaa siyaasaa isaanii guddisuu fi mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamuuf filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Magaalattii keessatti daldala xixiqqaa irratti kan bobba’an aadde Hamalmaal Fantaa ENA waliin turtii taasisaniin , filannoo waliigalaa bara kanaa irratti paartii siyaasaa isaaniif gaarii ta’a jedhanii amanan filachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Kaardii galmee filattotaa argachuun akkaataa sagantaa Boordiin Filannoo kaa’een sagalee kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Akka aadde Hamalmaal ibsanitti paartii faayidaa dubartootaaf dhaabbatu, guddina biyyaaf hojjatu, nageenya mirkaneessuun tokkummaa biyyaa cimsu filachuuf qophaa’eera jedhani. Dubartoonni biroo mirga galmaa'uu fi kaardii galmee filannoo isaanii yeroon akka argatan waamicha dhiheessiteetti. Jiraattuun magaalichaa kan biraa aadde Mastawaal Laggasaa paartii siyaasaa murtee dubartootaa fi fayyadamummaa misoomaa guddisuuf hojjetu filachuuf qophii ta’uu himan. "Filannoon daandii ijoo mootummaa biyyattii hoogganu filachuuf murteessaadha dha “kan jedhan aadde Mastawaal, falmiin paartilee waldorgoman gidduutti miidiyaan taasifamaa jiru qaama faayidaa waliigalaa dubartootaaf hojjetu adda baasuuf haala mijataa kan uume ta’uus ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa fi amansiisaa ta’een akka xumuramuuf gahee keenya ni ba’anna kan jedhan immoo aadde Caaltuu Abbaasidha. Dubartoonni akkuma adeemsa misoomaa keessatti hojjetan, filannoo kana keessatti gahee isaanii akka bahatanis dhaamaniiru. Dubartoonni mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamanii kaadhimamaa itti amanan akka filatanii fi waraqaa sagalee isaanii itti kennanis akka fudhatan dhaamaniiru aadde Caaltuun.
Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo waloo qaban ibsani
Mar 16, 2026 1438
Bitootessa 7/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa bara dheeraa qaban daran cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu yeroo ammaa kana daawwannaa hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuuf kaayyeffate Xaaliyaanii magaalaa Roomitti argamu. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil Addunyaa Eedmondo Chireelii waliin mari’ataniiru. Mariin kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii babal’isuu tumsa diinagdee, tumsa misoomaa, invastimantii damee dhuunfaa fi tasgabbii naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee haala riifoormii dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa irratti ibsa kennaniiru. Tasgabbii dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, haala invastimantii fooyyessuu fi guddina hunda hammate mirkaneessuuf tattaaffii itti fufiinsa qabu irrattis odeeffannoo haaraa kennaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil-addunyaa Edmondo Chireelii jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaa galateeffachuun tasgabbii naannichaa keessatti gahee ishee qabdu ibsaniiru. Ministirri kun, Xaaliyaan dursa misoomaa Itiyoophiyaaf qabdu karaa Ministira Muummee Giyoorjiyaa Melooniin deeggaruuf kutannoo akka qabdus irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Walta’iinsa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii yeroo dheeraaf ture daran cimsuuf waliigaluu isaanii ibsi Ministeera Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.
Milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamuuf tumsa taasisuuf qophaa’aa jirra- Jiraattoota magaalaa Shaambuu
Mar 12, 2026 1887
Bitootessa 3/2018(ENA)-Jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu milkaa’ina filannoo biyyaalessaa bara kanaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti Galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jira. Jiraataan Magaalaa Shaambuu Obbo Bushaa Dannabaa, mirga dimokiraasiitti fayyadamuun paartii siyaasaa naaf ta'a jedhee itti amanu dhiibbaa tokko malee filachuuf kaardii filannoo fudhadheera jechuun dubbataniiru. Sagaleen keenya egeree keenya murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf galmaa'uun kaardii fudhachuun cinaatti filannoon bara kanaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa bilisaa, haqa qabeessaa fi karaa Diimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamuuf waan isaanirraa eegamu kan raawwatan ta'uu jiraataan Magaalichaa biroon obbo Biqilaa Tamasgeen yaada kennaniiru. Kaardii filannoo fudhatanis guyyaa filannoo sagalee paartii barbaadan filachuun egeree biyyaa murteessuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa qabduutti ceesisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta'uus itti dabaluun dubbataniiru. Godinichatti galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jiraachuu Walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Asaffaa Gabayyoo ibsaniiru. Hawaasni godinichaa Umuriin isaanii Waggaa 18 fi isaa ol ta'an galmaa'uun kaardii filannoo fudhatanii mirga Diimokiraasii isaaniif kennametti fayyadamuun sagalee isaaniitiin egeree biyyaa fi dhalootaa ijaaruu akka qaban obbo Asaffaa dhaamaniiru. Waajjira Koomunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarra
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii biyya fayyada jennee amanneef sagalee kennuuf kaardii filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra
Mar 12, 2026 1194
Bitootessa 3/2018 (ENA): Jiraattonni naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa fi Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii nagaa fi misooma biyyattii fayyada jedhanii amanan filachuuf kaardii filachuuf isaan dandeessisu fudhachuu himani. Jiraattuun Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Beegii aadde Baqqaluu Bultoo ENAtti akka himanitti, kaardii filannoo kan paartii misoomaa fi nageenyaaf dursa kennu filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra jedhani. Jiraataan aanaa kanaa kan biraa Daani'eel Alamuu akka himanitti, paartii filannoo waliigalaa irratti mirga koo tiksee biyya guddisa jedhee amanu filachuuf kaardii fudhadheera jedhani. Dhaabbata siyaasaa rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa hiikuu fi piroojektoota misoomaa hunda galeessa hawaasaaf waliin gahu filachuuf qophii ta’uu isaanii akeekaniiru. Jiraataa magaalaa Gimbii kan ta’an Saamsoon Qajeelaan gama isaaniin paartii guddinaa fi nageenya biyyattiif gaarii ta’a jedhee amanu filachuuf kaardii fudhachuu himani. Haaluma walfakkaatuun, jiraattonni Godina Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filattootaa kan filachuuf nu dandeessisu fudhanneerraa jedhan. Jiraataa Godinichaa aanaa Liiban ganda Buririi kan ta’e Taarikuu Abdiin mirga dimokraatawaa filannoo biyyaalessaa irratti hirmaachuuf qabanitti fayyadamuuf kaardii fudhachuu isaanii ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa akka ta'uuf ga'ee isaanii bahaa jiraachuus ibsaniiru. Dargaggoo Maammush Fayyisaa jiraataa magaalaa Nagaallee Booranaa yoo ta’u, kaardii mirga dimokraatawaa filannoo kana irratti hirmaachuuf isa dandeessisu fudhachuu isaa himeera.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad daawwannaa hojiif har’a waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galaniiru.
Mar 12, 2026 1134
Bitootessa 3/2018(ENA) : Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad daawwannaa hojiif har’a waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galaniiru. Ministirri Muummee daawwannaa hojiif waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galuu isaanii waajjirri Ministira Muummee ibseera.
Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda keenya bahuuf qophoofneerra
Mar 12, 2026 756
Bitootessa 3/2018(ENA)- Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda isaa bahuuf qophaa’uusaa federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibse. Filannoo walii galaa baranaaf paartileen ggaragaraa 47 kaadhimamtoota kuma 1 fi 934 kan galmeessisan yoo ta’u, galmeen filattootaas eegalamee adeemsarra jira. Dargaggoonni filannicharratti dammaqinaan hirmaachuun qoodasaanii akka bahan hojjechaa akka jiru federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibsaniiru. Pirezidaantiin federeeshinichaa dargaggoo Sisaayi Abarraa akka ibsetti, waldaa dargaggootaa magaalattii waliin ta’uun, naamusa, seerotaa fi dambiiwwan filannoo irratti miseensotasaaf hubannoo uumeera. Federeeshinichi miseensotasaa filannoo taajjaban boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaaf erguusaa beeksiseera. Pirezidaantiin waldaa dargaggootaa magaalaa Adaamaa dargaggoo Abdallaa Gelloo gamasaatiin, gurmaa’insoota magaalaa, godinaa fi aanaaleetti qindeessuun filannichi haqa qabeessa, bilisaa, demokiraatawaa akka ta’uu fi karaa nagaa akka gaggeeffamu waldichi hojjechaa jira jedheera.
Ministirri Muummee doktar Abiyi Ahimad hoggantoota hojii adda addaaf muudama kennaan
Mar 11, 2026 834
Bitootessa 2/2018(ENA): Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hoggantoota hojii adda addaaf muudama kennaaniiru. Muudamoota Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Bitootessa 2, bara 2018 (A.L.I) jalqabee kennaman: • Leetenal Jeneraal Asraat Danneeroo: Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee. • Gargaaraa Komishinara Toofiq Madad: Itti-aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee. • Obbo Erziiq Isaa: Itti-aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee ta’uun muudamaniiru.

Hawaasummaa
Nageenya naannoo keenyatti argame cimsuun hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufsiisna- Jiraattota Magalaa Gullisoo
Mar 19, 2026 59
Bitootessa10/2018(ENA)–Jiraattonni Godina Wallaga Lixaa magaalaa Gullisoo nageenya naannoosaaniitti buusuun hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufiinsa akka qabaataniif kutannoon akka hojjetan ibsaniiru. Waltajjiin marii kutaawwan hawaasaa adda addaa hirmaachise dhimmoota Nageenyaa, Misoomaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate Magaalichatti gaggeefameera. Jiraattonni magaalichaa maricharratti hirmaatan akka dubbatanitti, bu’uuraaleen misoomaa naannoosaaniitti ijaaramaa jiran yeroo qabameef keessatti xumuramuun tajaajilaaf akka dhaqqabaniif nageenyaaf xiyyeffannoo kennuun ni barbaachisa. Rakkoowwan nageenyaa fi bulchiinsa gaarii ammaan dura turan tattaafii qindaawaa ummataa fi qaamolee nageenyaan furmaata argachaa jiraachuusaaniis dubbataniiru. Jiraataan Magaalaa Gulisoo Sheek, Abduu Hasan, “Nageenya naannoosaanii cimsuun, hojiiwwan misoomaa itti fufsiisuuf qooda keenya ni baana” jedhaniiru. Kanaafis hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufinsa akka qabaataniif, hawaasa naannichaa waliin qindaa’uun tattaaffii taasisan akka cimsan ibsaniiru. Jiraataan magaalichaa biroon Obbo Taklee Moosisaa, yeroo ammaa qindoomina hawaasaa fi qaamolee nageenyaan nageenyi amansiisaan bu’eera jedhaniiru. Jijiiramni argame akka itti fufuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin tumsa keenya ni cimsina jechuun ibsaniiru. Waltajjii marii kana kan gaggeessan Bulchaan Godina Wallaga Lixaa, Obbo Taliilaa Tarrafaa, waggoottan darban rakkoo nageenyaa Godinichatti mudatee tureen hojiileen misoomaa saffisaa fi qulqullina barbaachisuun akka hin raawwatamne gufuu ta’ee turuusaa kaasaniiru. Yeroo ammaa qidoomina hawaasaa fi qaamolee nageenyaan nageenyi bu’aa kan jiru yoo ta’u, hojiiwwan misoomaa bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Nageenyi argame kun cimee akka ittifufuuf hawaasni nageenyasaa eeguun milkaa’ina hojiiwwan misoomaaf hirmaannaa taasisu akka cimsuuf waamicha dhiheessaniiru.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Iid Al-Faxiriin isin gahe jechuun ergaa dabarsan
Mar 19, 2026 65
Bitootessa 10/2018(ENA)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Iid Al-Faxiriin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa baga geessanii fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, ayyaanni Iid Al-Faxir guyyaa wal ta’uun ifti gammachuu itti calaqqisu ayyaana guddaadha jedhaniiru. Soomanni Ramadaanaa guddichi amantaan gamatti akka waliif yaadnu nu taasiseera, soolaatni walitti nufideera, Ifxaarri maaddii tokkotti walitti nuqabaa tureera, walooma Itiyoophiyummaa keenya qabatamaan agarsiiseera jechuun ibsaniiru. Duudhaaleen Iid Al-Faxir dhala namaa hundaaf faayidaa qaban ijaarsa biyyaaf barbaachisoodha kan jedhan Itti aanaan ministira muummee, gamtaa fi wal gargaarsa yeroo soomana guddichaatti eegalame fullaasuun akka barbaachisu ibsaniiru. Seenaarraa akka hubanutti biyyi waloomaa fi tolummaan ala ijaaramuu hin dandeessu. Harki tolummaa rakkoo gara abdiitti, imimmaan gara kolfaatti waan jijjiiraniif tolummaaf jabaachuun ni barbaachisa jechuun ibsaniiru. Itiyoophiyaa sabdaneessa taateef waldanda’uu fi miidhagina garaagarummaa keessa jiru faaya godhachuun addunyaa fuulduratti dammaqinaan mul’achuun Itiyoophiyaa boruuf abdii ifaaf galaa akka ta’es ibsaniiru. Imalli misoomaa Itiyoophiyaa fulla’aa akka ta’u, lammiilees itti fayyadamaa haqa qabeessa akka godu hundi keenya biyya keenyaaf waan dandeenyu hunda haa goonu jechuun itti aanaan ministira muummee daamaniiru. #Ena Afaan Oromoo#TOI#ENA
Iid al-Faxiriin namoota rakkatan gargaaruun kabajamuu qaba
Mar 18, 2026 559
Bitootessa 9/2018 (ENA): Hawaasni Musliimaa namoota rakkatan gargaaruu fi deeggaruun ayyaana Iid al-Faxir 1447ffaa kabajuu akka qabu Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamaa Itiyoophiyaa akeekkachiise. Ittaanaan Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheehi Abduulkariim Sheehi Badiriin kabaja ayyaanichaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti hordoftoota amantaa Islaamaa hundaaf Ayyaana Iid al-Faxir bara 1447 sababeeffachuun ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaniiru. Ramadaanni ji’a gatiiwwan gamtaa, deeggarsaa fi wal hubannoon itti cimu ta’uu eeruun, safuu gaarii Islaamaa yeroo soomaatti waloo ta’e Ramadaana booda cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru. Hordoftoonni amantaa Islaamaa namoota rakkatan gargaaruun, dhukkubsattoota daawwachuudhaan, harka qalleeyyii waliin qooddachuun Ayyaana Iid al-Faxir kabajuu akka qabanis dubbataniiru.
Bulchiinsi Magaalichaa Ayyaana Iid-Alfaxir Sababeeffachuun Lammiilee kuma 1 ol ta’aniif deeggarsa taasise
Mar 18, 2026 273
Bitootessa 9/2018(ENA) : Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid-Alfaxir Sababeeffachuun Lammiilee kuma 1 ol ta’aniif deeggarsa taasisuu Kantiibaa Adaanech Abeebee dubbatan. Lammiilee Magaalicha keessa jiraatan haala rakkisaa keessa jiraniif, harka qal’eeyyiif, qaama miidhamtootaa fi manguddoota nama isaan deeggaru hin qabneef Kutaalee Magaalichaa fi Aanaalee hundatti deeggarsi gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Baatii Ramadaan kana keessa lammiwwan keenya naannoo kuma 27 ta'an guutuu ji'ichaatti wiirtuuwwan dhiyeessii Soorataa 28 keessatti Sagantaan Afixiraa qophaa'eefii rakkoo malee akka dabarsan taasifameera jedhaniiru. Kantiibaa Adaanechi Maaddii qooddachuun kan taasifnu rakkoo yeroo furuuf qofa osoo hin taane, kabaja uummata keenyaaf qabnu ibsuuf, akkasumas obbolummaa fi duudhaa waldeeggaruu, cimsuufi jedhaniiru. Keesumattuu sagantaan Maaddii qooduu guyyaa hara’aa waajjira Kantiibaatti taasifameef,hojii gaggeessaa olaanaa Miidrook- Invastimenti Giruuppii, Jamaal Ahimadii fi Imbaasii Yuunaayitid Arab Imireetiif galata onneerraa maddeen dhiheessa jedhaniiru.
Diinagdee
Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa Faayidaa Diinagdee Lammiilee Mirkaneessaa jira
Mar 19, 2026 43
Bitootessa 10/2018 (ENA): Ministeerri Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa akka ibsetti Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa magaalota keessatti hojiirra oole lammiilee naannoo galii gadi aanaan jiraataniif fayyadamummaa diinagdee mirkaneessaa jira jedhe. Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa sagantaa tarsiimoo lammiilee magaalota keessa jiran fayyadamoo taasisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf qophaa’edha. Kaayyoowwan ijoo sagantichaa keessaa lammiilee galii gadi aanaa qaban deeggaruun carraa hojii akka uummtan taasisuudha. Haaluma kanaan lammiileen hedduun hiyyummaa jalaa bahanii qabeenya uummachuu danda’aa jiru. Kunis waggaa sadi sadiin adeemsa leenjii keessa darbuun kan mirkanaa’edha. Deetaan Ministira Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa obbo Fantaa Dajan ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, sagantaan Misooma Seeftineetii Magaalaa misoomaa kanneen biroo waliin walqabatee hojiirra oolaa jira jedhani. Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa lammiilee galii gadi aanaa keessa jiraniif fayyadamummaa diinagdee mirkaneessuun hirkattummaa jalaa akka bahaniif kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas fayyadamtoonni sagantichaa qulqullina magaalaa fi miidhagina magariisaatiin carraa hojii mijeessuun jiraattota magaalaaf haala jireenyaa mijataa uumuu isaaniis ibsaniiru. Kunis miidhagina magaalotaa kunuunsuu, naannoo magaalaa ammayyaa ijaaruu, qonna magaalaaf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Erga Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa eegalamee kaasee lammiileen miiliyoona 1.3 ceessisuun danda’ameera jedhan. Bara baajataa 2018 ji’oota darban keessatti fayyadamtoonni Sagantaa Seeftineetii Misooma Magaalaa kuma 380 ce’uu ibsaniiru. Waggoota sadan dhufan keessatti lammiilee Sagantaa Seeftineetii Misooma Magaalaatiin uwwifaman guutummaatti ceesisuuf akka hojjetamu ibsaniiru.
Riifoormiin Diinagdee Mandhaalee Itiyoophiyaa biyyatti bakka gahumsa Invastimantii filatamtuu taasiseera
Mar 19, 2026 54
Bitootessa 10/2018(ENA): Riifoormiin Diinagdee Mandhaalee Itiyoophiyaatti hojiirra oole , biyyattii bakka gahumsa Invastimantii mijattuu taasisuurra darbee, diinagdeeshee gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisaa jiraachuusaa hojii gaggeessaan walii galaa Pirodaaktii Anmool Rajiib Shaarmaa ibsan. Hojii gaggeessaan walii galaa kun turtii ENA waliin taasisaniin, tarkaanfiiwwan fooyya’insaa mootummaan fudhate haala mijataa Dureeyyii Alaaf uume ibsaniiru. Haala mijataa Invastimantii Itiyoophiyaatti uumameen Dureeyyii Hindiif carraa bal’aa uumuusaa ibsaniiru. Keessumaa Ministirri Muummee Hindii Nareendiraa Moodii yeroo dhiheenya kana Itiyoophiyaatti daawwannaan taasisan tumsa biyyoonni lameen damee Invastimantii fi Industiriin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuusaa ibsaniiru. Biyyattiin fooyya’insa Diinagdee Mandhaaleen ammaan dura dureeyyii Alaaf cufaa kan turan dameelee daldalaa banuun dandeettii Invastimantiishee guddisuusaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Sababoonni Itiyoophiyaa bakka Invastimantii hawwataa taasisan baay’ee ta’uusanii itti dabaluun ibsaniiru. Kanaanis Bu’uuraaleen Misoomaa gurguddaan Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran Keessattuu ijaarsa buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu yeroo dhihoo eegalame, Sochii daldalaatiif haala mijataa dabalataa akka uumu ibsaniiru. Gama biroon gabaa biyya keessaa bal’aa fi fedhiin omishaa fi tajaajilaa olaanaan jiraachuu eeruun, humni namaa dargaaggeessi hojii Invastimantiif qophii kan ta’an jiraachuun , dandeettii biyyattii guddaa isa biroo ta’uusaa itti dabaluun ibsaniiru. Dureeyyiin kun eeyyama hojii, Viizaa fi tajaajiloota biroo Wiirtuu tokko keessatti haala qindaa’aa ta’een akka argatan taasifamuunsaa kutannoo mootummaan damee kanaaf qabu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru. Tarkaandfiiwwan sharafa Alaan fudhatameen,haala gabaa fayyaalessa uumuun dureeyyiin haala mijaataa dorgommii wal-qixaa akka argatanii fi dandeettiin dorgommiisaanii akka gabbifatan dandeessisuusaa dubbataniiru. Dureeyyiin buleeyyiin Itiyoophiyatti Invasti gochuun muuxannoo qaban dandeettii guddaa qaban Hawaasa Idil-Addunyaaf beeksisuurratti, gahee olaanaa taphachuu akka qaban eeraniiru.
Naannoo Somaaleetti ijaarsi pirojektoota adda addaa ummata fayyadan qulqullinaa fi saffisaan hojjetamaa jiru
Mar 19, 2026 65
Bitootessa 10/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad hojii ijaarsa bu’uuraalee misoomaa naannichaa qulqullinaa fi saffisaan xumuruuf hojjetamaa jira jedhan. Obbo Musxafaan adeemsa ijaarsa daandii asfaaltii Taayiwaan kiiloo meetira 1.2 magaalaa Jigjigaa keessatti ijaaramaa jiru daawwataniiru. Ijaarsi daandii kanaa kallattii magaalattii adda addaa kan walqunnamsiisuu fi deemsa geejjibaa akka mijeessuus ibsaniiru. Kanaaf daandiin kun qulqullinaa fi saffisa yeroo qabameefiitti xumuramaa akka jiru daawwannaa isaaniitiin mirkaneessuu ibsaniiru. Magaalota naannichaa adda addaa keessatti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qulqullinaa fi saffisaan xumuruuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Kanaaf ijaarsi pirojektoota ummata fayyadamoo taasisan magaalaas ta’e baadiyyaatti cimee itti fufuu mirkaneessaniiru.
Boba’aa qusannaan haa fayyadamnu-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 19, 2026 91
Bitootessa 10/2018(ENA)-Jiraattonni magaalichaa boba’aa qusannaan ittii fayyadamuun tumsa akka taasisan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhaaman. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniin, sababa rakkoo jiddugaleessa bahaatti mudateen Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni boba’aa bitanii itti fayyadaman boba’aa akka garaasaaniitti argatanii itti fayyadamuuf rakkachuusaanii ibsaniiru. Rakkoon mudate furamee dhiheessiin boba’aan gara idileetti amma deebi’utti qusannaan fayyadamuun akka barbaachisu dubbataniiru. Kanaaf jiraattonni magaalichaa daandii gabaabaa lafoo deemuun, akkasumas Bishkiliitii fi konkolaataa Elektiriikaatti fayyadamuun tumsa akka taasisan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhaamaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan bara dijitaalaa hiree biyyootaa murteessu irra jirti
Mar 17, 2026 298
Bitootessa 8/2018 (ENA): Itiyoophiyaan bara dijitaalaa hiree biyyootaa murteessu irra akka jirtu Waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waajjirichi ergaa mata duree “Dijitaala Itiyoophiyaa 2030, Mu’ata Dhalootaa!” jedhuun ergaa dabarseen, Itiyoophiyaan bara dijitaalaa hiree biyyootaa murteessu irra jirti jedheera. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 deebii biyyoolessaa keenya, ofitti amanamummaa,kalaqaa fi kutannoo guddaa qabannee hojjechuu danda’uu keenyaaf agarsiiftuu dha jechuun ibseera.
Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba
Mar 13, 2026 150
Bitootessa 4/2018 (ENA): Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee damee kanarratti qaban guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba jedhani hayyoonni damee kanaa. Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa diriirsuu, waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu, faayinaansii dijitaalaa cimsuu, tajaajila hijii mootummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu irratti kaayyeffatee hojetamaa jira. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa milkaa’uu kan danda’u, lammiilee damicha sirriitti hubachuu danda’u, dandeettii fi beekumsa akka gaariitti kan hidhate uumuun yoo danda’ame akka ta’e ibsameera. ENA’n dhimma kana irratti hayyoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin marii turtii taasiseen, hayyoonni kunneen bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuun tajaajila mootummaa iftoomina, saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuudhaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Hayyoota yuunivarsiitichaa keessaa obbo Fiqaaduu Warquu akka ibsanitti, Dijitaalli Itiyoophiyaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, magaalota ammayyaa jireenyaa uumuun lammiileef jireenya salphisa jedhani. Hayyuun yunivarsiitichaa kan biraa obbo Darrib Garramaa akka himanitti, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 bu’uuraalee misoomaa ummataa walitti hidhuun fayyadamummaa lammiilee ni mirkaneessa jedhani. Hojiileen tarsiimoo dijitaalaa 2025 keessatti galmaa'an galma ga'iinsa tarsiimoo bara 2030’f bu'uura cimaa akka ta'u kan ibsani immoo obbo Ismaa'eel Huseen dha. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa tajaajila ammayyaa fi saffisaa hawaasaaf kennuudhaaf haala mijataa kan uumu ta’uu eeruun, itti fufiinsa isaatiif ijaarsi ogummaa fi beekumsa lammiilee cimuu akka qabu dubbataniiru.
Wiirtuuleen tajaajila qindaa’aan fayyadama lammiilee guddisaa jiru – Misinstira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 10, 2026 137
Bitootessa 1/2018 (ENA)– Wiirtuun kenna tajaajila qindaa’aa agarsiistuu raawwii tajaajila mootummaa ijoo hojii fi fayyadamummaa lammiilee kan dagaagsu ta’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Magaalaa Harar daawwataniiru. Daawwannaasaaniin booda Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Magaalaa Hararitti dhaabbate, Tajaajila Mootummaa wiirtuu tokkotti qindeessee dhiheessuun qaama sagantaa biyyoolessaa ta’uusaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaniin dabarsaniin ibsaniiru. Itti dabaluunis wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo Harar dhaabbileen 8 foddaalee tajaajila 24n tajaajiloota uummataa 67 bakka tokkotti tajaajilamtootaaf dhiheessa jedhaniiru. Raawwiin biyyaalessaa kun gahumsa kenna tajaajila mootummaa, dhaqqabamummaa fi itti quufinsa lammiilee fooyyessuun dhaabilee gidduutti tajaajila bittinaa’aa hir’isuun , hawaasni tajaajila argachuuf yeroo fi maallaqa qisaasessu hir’isuu dandeessiseera jedhaniiru. Guutuu biyyaalessaatti Tooftaa Masoobiin, mootummaan ce’umsa dijiitaalayizeeshinii fi kenna tajaajila qindaa’aaf ejjennoo cimaa qabu haala mul’isuun babal’achaa jira jechuun Ministirri Muummee ibsaniiru. Wiirtuun tajaajilaa qindaa’aan agarsiistuu raawwii hojii ijoo tajaajila mootummaa fi fayyadamummaa lammiilee waligalaa kan guddisu ta'uusaa hubachiisaniiru.
Ilaalcha hin danda’amuu kan cabsan urjiilee samii
Mar 8, 2026 186
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf balalii biyya keessaa fi idil-addunyaa dubartootaa qofaan hogganamu saddeet ni gaggeessa. Akka addunyaa guutuutti balaliistota daandiiwwan xiyyaaraa daldalaa keessaa hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa jaha qofa dha akka ragaaleen agarsiisanitti. Kanneen giddu galeessaan addunyaa irraa fooyyee kan qaban keessaa, Daandiin Qileensaa Hindii (Air India) balaliistota isaa keessaa dhibbeentaan 15 dubartoota dha. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa balaliistota dubartoota 95 kan qabu yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa Afrikaa muraasa saffisaan lakkoofsa isaa dabalaa jiran keessaa isa tokko taasiseera. Balalii dubartoota qofaan hogganamu dubartoota balaliistota balalii kana irratti hirmaatan, kanneen ENA waliin turtii taasisan, balalii dubartoota qofaan taasifamu irratti hirmaachuun kan isaan kan boonsuu fi gammachuu isaaniif kan kenne akka ta’e dubbataniiru. Gargaartuu balaliistuu kan ta’an Tsiyoon Dammaqee akka ibsanitti, balaliisaa dargaggeettii dubaraa Itiyoophiyaa jalqabaa Kaapteen Amsaalee Gowaaluu irraa akka fakkeenya fudhatanii fi kaka’umsa argataniin booda indaastirichatti makame jdhani. Erga seektarichatti makamaniis namoonni isaan argan bakka deeman hundatti akka isaan jajjabeessan himaniiru. Gargaartuu balaliistuu kan biraa Liidiyaa Gammee akka himanitti, dameen kun shamarraniif qormaata ta’ee fudhatamus, dubartoonni hojjechuu akka danda’an kan agarsiisan kanneen nu dura turan irraa barachuun damichaatti makamne jedhani. Balalii dubartoota qofaan durfamu irratti hirmaachuun isaaniis akka isaan gammachiisuu fi akka isaan boonsu himaniiru. Hojii cimaa fi kutannoon rakkoolee mudatan irra aanuun furtuu milkaa’ina akka ta’e kan ibsan balaliistonni kunniin, dubartoonni cimanii hojjechuun ofitti amanamummaa yoo horatan bakka barbaadan ni ga’u jedhaniiru.
Ispoortii
Riyaal Maadiriid PSG fi Arsenaal gara nuusa xumuraatti darban
Mar 18, 2026 142
Bitootessa 9/2018(ENA)–Taphni deebii mo’atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa galgala gaggeeffameera. Tapha galgala Istaadiyeemii Itihaditti gaggeeffameen Riyaal maadiriid Maanchistar Siitii 2 fi 1n injifateera. Viinishi Juniyeerii taphaanii fi rukkuttaa Adabbiin galchii lakkoofsisaniiru. Arliingi Haalaandi Siitiif galchii tokkicha lakkoofsiseera. Taphataan Ittisaa Maanchistar Siitii Barnaandoo Siilvaa daqiiqaa 20ffaatti kaardii diimaan dirree keessaa baheera. Riyaal maadiriid qabxii ida’amaa 5 fi 1n injifachuun nuusa xumuraatti makameera. Sagantaa biroon PSGn Chelsii 3 fi 0n injifateera. Tapha Istaadiyeemii Istaampifoordi Biriijitti gaggeeffameen Kiivaaraaskeeliyaa, Biraadilii Baarkola fi Senii Mayuuluu galchiiwwan injifannoo lakkoofsisaniiru. Injifataan dorgommii waktichaa PSGn, chelsii qabxii ida’amaan 8 fi 2n injifachuun nuusa xumuraatti makameera. Tapha Istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffameen Arsenaal Baayerleverkuseniin 2 fi 0n injifateera. Eberechii Eeze fi Deeklaan raayis galchi lakkoofsisaniiru. Arsenaal qabxii Ida’amaan 3fi 1n injifachuun nuusa xumuraatti darbeera. Tapha har’a gaggeeffameen Ispoortiing Liizban Bodo giliimtiin 5fi 0’n injifachuun qabxii Ida’amaan 5 fi 3n injifachuun nuusa xumuraatti makameera.
Baayer Leeverkusanii fi Arsenaal qixa ba’ani
Mar 12, 2026 156
Bitootessa 3/2018(ENA)-Sagantaa tapha mo’atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa tapha Baayer Leeverkusanii fi Arsenaal gidduutti taasifameen tokkoo fi tokkoon qixaan xumurameera. Tapha Istaadiyeemii Beey Areenaatti gaggeeffame Rooberti Andiriich daqiiqaa 46ffaatti galchii lakkofsiseen Leeverkusan dursaa ta’eera. Kaay Havaartiz daqiiqaa 89ffaarratti rukkuttaa adabbiin galchii lakkoofsiseen Arsenaaliin qixa taasiseera. Havaartiz ijoollummaasaatti kilabicharratti galchii lakkoofsisee ture. Taphichaan walmorkiin madaalawaan mul’ateera. Gareewwan lameen tapha deebii Bitootessa 8 bara 2018 istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffama.
Sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin Badhaadhinni Itiyoophiyaa ni dhugooma ta’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 8, 2026 182
Guraandhala 29/2018 (ENA): Badhaadhina Itiyoophiyaa sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin ni mirkaneessina jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Guyyaan dubartoota idil addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 115ffaa kan kabajamu yoo ta’u, akka Itiyoophiyaatti immoo yeroo 50ffaaf kabajamaa jira. Guyyaa Dubartoota Idil Addunyaa akka Itiyoophiyaatti yeroo 50ffaaf kabajuuf fiigichi daandii kiiloo meetira 5 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sagantaa ispoortii kana Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin ta'uun qopheesse. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ergaa gdabarsaniin dubartoonni gahee olaanaa ijaarsa biyyaa fi imala badhaadhinaa keessatti qaban guddaa dha jedhani. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti namoonni milkaa’oo fi atileetotni dubartoota beekamoo hedduun akka jiran eeruun, dandeettii fi humni adda ta’e kanaaf beekamtiin guddaan kennamuu akka qabu ibsaniiru. Nageenyaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif dubartoonni aarsaa guddaa akka kaffalan yaadachiisuun, akkasumas dubartoonni ammallee misooma biyyaalessaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Obboleewwan keenya waliin ta’uun biyya keenya guddifna kan jedhan, hirmaannaan dubartootaa dhiirota waliin haala qindoominaa fi deggarsa qabuun misooma biyyaaf akka oolu ni taasifnas jechuun ibsaniiru. Mootummaan hirmaannaa haqa qabeessa dubartootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus aadde Adaanech himaniiru. Akkasumas imala badhaadhinaatti hirmaannaan dubartootaa dinagdee fi hawaasummaa haqaan akka dhugoomu ciminaan hojjechuuf waadaa galaniiru. Imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu keessatti dubartoonni humna adda duree ta’uu kan ibsan kantiibaan kun, akkasumas guyyaa kana sababeeffachuun baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Ministirri Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogoe Tasfaayee gama isaaniitiin, jijjiirama biyyoolessaa har’a mul’ateef bu’uurri waggoota 50 darban keessatti mirgaa fi sagalee dubartootaa xiyyeeffannoo kennuudhaaf tattaaffii taasifameen akka ta’e ibsaniiru. Bu’aan dubartoonni damee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban guddina biyyaatiif murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni fiigicha kanarratti hirmaatan akka himanitti, fiigichi kun fayyaa qaamaa fi sammuu dubartootaa eeguu qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhani. Fiigicha daandii kiiloo meetira 5 kana irratti keessummoonni affeeraman, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi atileetotni bebbeekamoo hirmaataniiru.
Riyaal Sosiyeedaad tapha mo’atanii darbuu xumuraatti darbe
Mar 5, 2026 248
Guraandhala26/2018(ENA):-Tapha mo’atanii darbuu Waancaa Ispeen (Copa del Rey) walakkaa xumuraaa tapha deebii Riyaal Sosiyeedaad Atiletiko Biilba’oo 1 fi 0n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Anoo’eetatti gaggeeffameen Maayikiil Ayarzaabaal daqiiqaa 87ffaatti rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Gareewwan lameen morkii wal maadaalu gaggeessaniiru. Riyaal Sosiyeedaad bu’aa ida’amaan 2 fi 0n injifachuun xumuraaf darbeera. Kilabiin Baaskuu Tapha jalqabaan 1 fi 0n mo’achuunsaa ni yaadatama. Riyaal Sosiyeedaad tapha xumuraa irratti Atileetiko maadiriid waliin taphata. Taphni xumuraa Ebla 10 bara 2018 ni gaggeeffama. Atiletiko Maadiriid Baarsenoolaan bu’aa ida’amaan 4 fi 3n injifachuun xumuraaf darbuunsaa ni yaadatama
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2026 244
Bitootessa 9/2018 (ENA)- Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsan. Abbaan Taayitichaa hojiirra oolmaa Rood Maappichaa bu’a qabeessa gochuuf kan dhaabbilee federaalaa garagaraa waliin waliin hojjechuun akka danda’amu waliigaltee mallatteesseera. Abbaan Taayitichaa hojiilee eegumsa naannoo bu’a qabeessa hedduu hojjechaa akka jiru daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsaniiru. Galmoota misooma magariisaa Itiyoophiyaa milkeessuu fi cehumsa gara dinagdee serkulaariitti taasifamu si’achiisuuf kan gargaaru Rood Maappiin biyyaalessaa bara 2017 qophaa’ee hojiitti galamuu yaadachiisaniiru. Rood Maappichi Itiyoophiyaa qulqulluu uumuu keessatti aadaa balfa deebisanii faayidaarra oolchuu kan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Kanaa olittis hojiilee eegumsa naannoo gabbisuun, invastimantii fooyya’aaf haala uumuunii fi carraalee hojii haaraa banuun dinagdee biyyaa guddisuuf gahee olaanaa bahata jedhaniiru. Hojiileen qindoominaan hojjetamanis hojii hubannoo uumuu, sirna balfi gogaa ittiin qabamuu fi dhabamsiifamu teeknooloojii fi beekumsaan deeggaruu akkasumas hojiilee deeggarsaa fi hordoffii qindoominaan hojjechuun keessatti argama jedhaniiru. Cehumsi gara dinagdee serkulaaraatti taasifamu akka si’atu qooda fudhattoonni hundi kutannoo fi hirmaannaa cimaadhaan qoodasaanii akka bahatan waamicha taasisaniiru.
Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu fakkeenya ta’ee kan fudhatamudha
Mar 14, 2026 283
Bitootessa 5/2018(ENA)- Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumar ibsan. Ambaasaaddar Aniil Kumar Raayi turtii Itiyoophiyaa waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu hedduu dhaabuunshee bu’aa gadhiisii kaarboonii xiqqeesu agarsiisaa akka jiru ibsaniiru. Geejjiba faalamarraa bilisa ta’e babal’isuudhaan dinagdee magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf tarkaanfii murteessaa fudhachaa akka jirtus kaasaniiru. Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi sirna dinagdee amansiisaan jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne amansiisaan kan Itiyoophiyaan itti jirtu biyyoota Afriikaa fi addunyaa birof fakkeenyummaan kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru. Hindis tattaaffii Itiyoophiyaan sirna dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf itti jirtuuf tumsashee cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Pilaastikoota tajaajila yeroo tokkoof oolanirratti dhorkaan dhiheenya taasifame nageenya naannoo fi eegumsa lafaaf tarkaanfii murteessaa faayidaa cimaa qabu ta’uu kaasaniiru. Fuulduras Hindi muuxannoo sirna eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaarratti qabdu qooduudhaan tumsa hunda galeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsaniiru.
Godina Gujiitti biqiltuuwwan hongee dandamatanii fi Faayidaa Diinagdee qaban qophaa’aa jiru
Mar 11, 2026 124
Bitootessa 2/2018 (ENA)– Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana hojjetamaniif biqiltuuwwan hongee fi mancaatii bosonaa itti fufinsaan dandamatan qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waajjirichatti Dursaan Garee Qabeenyaa Uumamaa Wandoo Sharbootee ENA’f akka ibsanitti, godinichatti biqiltuun buufataalee biqiltuuu 170 ol keessatti qophaa’aa akka jiruu fi hanga ammaatti Biqiltuuwwan Miiliyoona 89 tuqaa 3 qophaa’aniiru jedhaniiru. Qaama Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan ta’e qophiin biqiltuu haala qilleensa Godina Gujii Baddaa, Gammoojjii fi baddadaree kan gidduugaleeffate ta’uu ibsaniiru. Sanyiiwwan biqiltuu dhaabbiif qophaa’an keessaa, Gaattiraa, Giraaviiliyaa, Ejersa, Waddeessa Bakkanniisaa fi kanneen biroon akka keessatti argaman eeraniiru. Akkasumas biqiltuuwwan miidhagina magaalaa, nyaata beelladaaf, soorataaf oolanii fi Faayidaa Diiinagdee kan qaban kanneen akka Avokaadoo, Maangoo, Muuzii, Gishxaa fi kanneen biroon qophaa’aa jiraachuu himaniiru. Biqiltuuwwan kana misoomsuu fi bu’aa qabeessa taasisuuf tuttuqaa namaa fi beelladaarraa lafti hektaarri kuma 21 fi 340 ol qophaa’uusaa hubachiisaniiru. Ganna dhufu hojii biqiltuu dhaabbii gaggeeffamurratti uummata kuma 205 ol hirmaachisuuf hojiin dadammaqsaa fi hubannaa uumuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan Ikooloojii naannichaa bu’uura godhatan qophaa’aa jiru
Mar 4, 2026 210
Guraandhala 25/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban Ikooloojii naannicha bu’uura godhatanii qophaa’aa jiraachuu waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Hagayya bara 2011 Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalamuunsaa ni yaadatama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, buuftaalee biqiltuu 11 Godinicha keessa jiran keessatti biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabbatan qophaa’aa jiru. Buufanni biqiltuu kunneen duula Ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan sanyii adda addaa biqilchuun dhiheessuurratti qoodni bahaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 284 ol qopheessuuf karoorfamee biqiltuuwwan miiliyoona 241 ol biqilchuun hojjetamuu eeraniiru. Qophiin biqiltuu kun hedduuminan sanyiiwwan biqiltuu jijjiirama haala qilleensa to’achuuf gargaaran xiyyeeffannoon kan itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataan Faayidaa Dinagdee qonnaan bulaa kan argamsiisuu fi soorataaf kan oolan biqiltuuwwan muduraalee miiliyoona 26 tuqaa 7 kan of keessatti hammate qophaa’uu dubbataniiru. Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa haala Ikooloojii nannichaa gidduugaleeffachuun kan raawwatamu ta’uu eeruun Godinichatti waggoottan darban biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbantaa 85n ol qabachuusaa beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatan tuttuqqaa namaa fi beelladaarraa eeguun kunuunsamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana karoora qabame milkeessuuf boolla biqiltuun keessa dhaabbamu qotamee qophaa’uu beeksisaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2381
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10560
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.