Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Komishiniin Marii Biyyoolessaa hojiiwwan fuulduratti hojjetu maal faadha?
Dec 31, 2025 51
  Mudde 22/2018(ENA)-Dubbii himaan Komishinii Marii Biyyoolessaa Xibabuu Taaddasaa turtii ENA waliin taasisaniin Komishinichi hojiiwwan hanga ammaatti hojjeteen milkaa’aa ta’uu himaniiru. Komishinichi hojiiwwan gurguddoo gara fuula duraatti hojjetu adda baasuu ibsaniiru. Kanaanis Komishinichi yaa’ii Marii Biyyoolessaa guddaa waamuun dura hojiiwwan gurguddoon hojjetamuu qaban jiraachuusaanii beeksisaniiru. Isaan keessaa amma tattaaffiin taassifamaa kan jiranii fi Naannoon Tigiraay adeemsa marichaa keesstti hirmachisuun tokko ta’uu eeraniiru. Haala karoora Komishinichaan Naannichi yeroo dhihoo asitti hirmaattota adda baasuun hojii ajandaa walitti qabuu hojiirra oolchuuf tattaaffii guddaan taassifamaa jiraachuu dubbataniiru. Ajandaan Naannoo Tigiraay erga walitti qabamee booda kan biroon xiyyeeffannoon kennamee hojiiwwan hojjetaman bocuu ta’uu ibsaniiru. Hanga ammaatti ajandaawwan hedduu walitti qabuu eeruun, ajandaawwan kanneen keessaas ajandaawwan Marii Biyyoolessaaf kan dhiyaatan adda baafamu jedheera. Itti dabaluunis Marii Biyyaalessaaf yoo dhiyaachuu baatanillee sadarkaa sadarkaan ajandaawwan kamtu xiyyeeffannoo barbaada kan jedhu hojiin adda baasuu ni raawwatama jedhan. Ajandaawwan Marii Biyyoolessaaf dhiyaatan uummataa fi qooda fudhattootaaf ifa gochuu fi ajandaa qopheessuunis xiyyeeffannon kennameefii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsichi hirmaachisaa fi hunda kan hammate akka ta’uuf hojiiwwan hojjetaman irratti hedduun hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, kanneen hanga ammaatti adeemsa kana keessatti hin hirmaanne hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan Komishinichi namoota yeroo ammaa adeemsa kana keessatti hin hirmaanne gara adeemsaatti fiduuf xiyyeeffannoon ni hojjeta jedhan. Hojiileen armaan olitti ibsamanii fi kanaan walqabatan erga xumuramanii booda tarkaanfiin dhumaa Marii Biyyaalessaa waamuu akka ta’e beeksisaniiru. Ajandaawwan konfiraansichaaf dhiyaatan irratti marii taasisuun waliigalteerra ga’uuf hojiin haadureewwanii hojjetamaa akka jirus ibsaniiru. Komishinichi bu’uura hojii fi itti gaafatamummaa Labsii Hundeeffamummaa isaatiin itti kennameen dhimmoota marii fi waliigalteedhaan irra ga’aman hojiirra oolchuuf yaada ni qopheessa, akkasumas qaamota dhimmi ilaallatuuf ni dhiheessa, hojiirra oolmaa isaanii hordofuu fi deeggarsa kennuu ta’a jedhan.
Magaalichatti sirna gibirri ittiin walitti qabamu si’ataa fi haqa qabeessa ta’e hojiirra oolchuun cimee itti fufa
Dec 31, 2025 57
Mudde 22/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti sirna gibirri ittiin walitti qabamu si’ataa fi haqa qabeessa ta’e hojiirra oolchuuf sochiin taassifamu cimee itti fufuu Waajjirri Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalichaa beeksise. Hojii gaggeessaan waajjira Galiiwwanii Magaalaa Adaamaa Obbo Balaachoo Asaffaa ENA’f akka ibsanitti, Bulchiinsa Magaalichaatti bara baajataa qabametti Idileen, Galii keessaa fi tajaajila mana qopheessaarraa birrii biiliyoona 16 tuqaa 7 walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru.   Baatiiwwwan shanaan darbanitti sochii tassifameen galiin birrii biiliyoona 9 walitti qabamuu danda’uu beeksisaniiru. Galiin walitti qabame karoora bara baajatichaa dhibbentaa 54 kan milkeesse yoo ta’u, kan bara darbee waktii Kanaan yoo madaalamu birrii biiliyoona 3 tuqaa 2n caalmaa qabaachuu ibsaniiru. Bara kana karooraa ol galii walitti qabamuun kan danda’ame magaalichatti sirna gibirri ittiin walitti qabamu si’ataa fi haqa qabeessa ta’e hojiirra akka oolu taasisuun, kaffaltoota gibiraaf hubannaan kennamuufiin ta’uu ibsaniiru. Akkasumas qaamolee daldala seeraan alaarratti bobba’an gara daldala seera qabeessaatti galchuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuun ta’uu kaasaniiru. Hojimaata gibirri ittiin walitti qabamu ammayyeessuun kaffaltoonni gibiraa haala hoj-maata badaarra bilisa ta’een tajaajila gibiraa Elektirooniksii hojiirra oolchuun ta’uu ibsaniiru. Keessumaa kaffaltoota gibiraa sadarkaa ‘A’ leenjii Elektironiksii fi haala itti fayyadama faayila fayyadamuun gibirasaanii sirnaan akka kaffalan taassisuu danda’amuu hubachiisaniiru. Magaalichatti daldala seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf tattaaffii taassifameen baatiiwwan shan darbanitti daldaltoota nagahee hin kunnee fi galii dhoksan irratti tarkaanfiin fudhatameera. Kanaanis daldaltootaa nagayee malee gurgurtaa gaggeessanii fi itti gaafatamummaasaanii hin baane 384 ta’an adabamuusaanii eeruun, muraasni seeraan gaafatamaa jiraachuu dubbataniiru. Kaffaltoota gibiraa sadarakaa ‘B’ obbo Wasan Hasan yaada kennaniin labsii gibiraa foya’ee baherratti ogeessaan hubannaan yeroo yeroon uumamaafii jiraachuu dubbataniiru.   Amman dura galii waggaa keenyaa beeksisuun waggaatti yeroo tokko kan kaffallu ulfaata ture kan jedhan kaffalaan gibiraa kun , haala labsii gibiraa fooya’een baatii sadi sadiiin gibirasaanii kaffaluuf haalli mijataan uumamuun galii isaanirra eegamu yeroon kaffalaa jiraachuu hubachiisaniiru.   Aadde Hayaat Abdullaahii gamasaaniin tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob kaffaltoota gibiraaf haala mijataa uumee fi hojimaata si’ataa diriirfameen gibirasaanii sirnaan akka kaffalan isaan dandeessisuu dubbataniiru.
Misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba'uudhaan fayyadamaa jirra - Qonnaan bultoota
Dec 31, 2025 54
  Misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba'uudhaan fayyadamaa jirra - Qonnaan bultoota Mudde 22/2018(ENA) – Filmaatawwan bishaanii jiru fayyadamuun misooma kuduraa fi muduraa irratti hirmaachuun qonnaan bultoonni Godina Baalee aanaa Harannaa Bulluq fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsan. Godinichatti lafa heektaara kuma 15 ol irratti misoomni kuduraa fi muduraa gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.   Qonnaan bulaa aanaa Harannaa Bulluq kan ta’an obbo Abdurahiman Hasannuur ENA waliin turtii taasisaniin, filmaatawwan bishaanii faayyadamuun misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba’uun fayydamoo ta’aa jiraachuu himaniiru.   Sanyii Timaatimaa fooyya’aa waajjira qonnaa irraa argatanii misoomsaniin, oomisha bara tokkoo irraa hanga birrii kuma 200 argachuu ibsaniiru. Oomisha bara kanaa fooyyessuunii fi babal’isuun yeroo ammaa kana hanga birrii kuma 300 argachuu eeruun,galii irraa argataniin jireenya isaanii fooyyeffachuu dubbataniiru.   Lafa heektaara walakkaa irratti paappaayyaa,timaatimaa fi qaaraa(corqaa) oomishaa maatii ofii danda’anii gabaaf dhiyeessaa jiraachuu kan dubbatan immoo jiraataa aanichaa obbo Adar Addisuu Shifarraa dha. Oomisha bara kanaan immoo gara lafa heektaara tokkoo fi walakkaatti guddifachuu isaanii eeruun, galiin waggaa isaanii yeroo amma birrii kuma 400 akka gahe himaniiru.   Qonnaan bulaan Amiin Aliin gama isaaniin, "Misooma qonnaa irratti keessumaa kuduraa fi muduraa irratti yoo cimanii hojjettan, nyaataan of danda’uu irra darbee jireenya ofii jijjiiruun ni danda'ama" jedhan.   Filmaatawwan bishaanii naannoo isaanii jiruu fi paampii motora bishaan harkisu fayyadamuun oomisha bara kana oomishan irraa birrii kuma 250 argachuu isaanii eeruun, misooma waliigalaa kanarraa hanga birrii miliyoona walakkaa argachuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru. Hogganaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa aanaa Harannaa Bulluqii fi itti aanaan bulchaa godinichaa obbo Awal Umar misooma kuduraalee fi muduraalee godinichatti xiyyeeffannoon kennamee akka hin turre yaadachiisaniiru. Yeroo ammaa qonnaan bultoonni teeknooloojii jallisii ammayyaa fayyadamuun ooyiruu xixiqqaa irrattillee akka oomishaniif deeggarsaa fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.   Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee obbo Mu’aawiyaa Fu’aad akka jedhanitti, Godinicha keessatti lafa heektaara kuma 15 ol irratti misoomni kuduraa fi muduraa hojjetamaa jira.   Qonnaan bultootaaf sanyiiwwan damee kuduraa fi muduraa filatamaa ta’an dhiyeessuu fi teeknooloojii ammayyaatiin deeggaruun misoomni kunis inisheetiviin hojjetamaa jira jedhan. Misoomni kun gabaa biyya keessaa tasgabbeessuun gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus hubachiisaniiru.  
Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itiyoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijitaalaa akka kennan ni taasifama
Dec 31, 2025 53
Mudde 22/2018 (ENA)– Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijiitaalaa kennuu akka danda’aniif galteewwan barbaachisoo guutamaa jiraachuu De’eetaan Ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa ibsan. Itiyoophiyaan fayyaa fi nageenya hawaasummaa lammiilee ishee mirkaneessuuf imaammatootaa fi tarsiimoowwan fayyaa idil-addunyaa fi biyya keessaa hojiirra oolchitee jirti. Kanaanis imaammata fayyaa ittisa irratti hundaa’e fayyadamuun du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuudhaan kaayyoo misooma itti fufiinsa qabu jalatti kaa’aman dursee milkeessuu danda’teetti. Doktar Daraijjee Dhugumaan ENA’tti akka himanitti, Ministeeri Fayyaa dhaabbilee fayyaa bittaa galteewwaniin ammayyeessuun, tajaajila fayyaa dijiitaalaan deeggarame kennuun, teknoloojii dijiitaalaa haala fooyya’aan fayyadamuun dhaabbata fakkeenya gaarii ta’e dha. Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 sektara fayyaatiif carraa gaarii akka fide himuun, xumura tarsiimoo kanaan dhaabbileen fayyaa hedduun sirna odeeffannoo isaanii gara sirna dijiitaalaatti akka ceesisan ibsaniiru. Bara 2030tti Itiyoophiyaa keessatti hospitaalonni hundi tajaajila guutummaatti waraqaa malee akka kennaniif galteewwan tajaajila dijitaalaa barbaachisoo ta’an guutamaa jiraachuu himaniiru. Ogeeyyiin Fayyaa Ekisteenshinii sirna fayyaa hawaasaa irratti hundaa’e keessatti odeeffannoo gandarra jiran sirna dijiitaalaan qabatanii gabaasa ittiin dhiyeessan akka jiru ibsaniiru. Kanaafis, adeemsa kana guutummaatti hojiirra oolchuun tajaajilli dijitaalaa sektara fayyaa keessatti sadarkaa olaanaa akka qabaatu ni taasifama jedhaniiru. Dhaabbilee fayyaa giddugaleessa godhachuun sirnoonni odeeffannoo gara dijitaalaatti akka ce’an kan ibsan Doktar Daraijjeen, hojmaanni to’annoo ogeeyyii fayyaa irratti gaggeeffamu hojiirra akka oolu ibsaniiru. Dijitaala Itoophiyaa 2030’n lammiileen mana isaanii taa’anii gorsa fayyaa fi tajaajila akka argatan, akkasumas beellama fayyaa salphaa fi saffisaan akka qabatan carraa uuma jedhaniiru. Dabalataanis, sirni dijitaalaa odeeffannoo yaalaa dhukkubsattootaa salphatti argachuuf dandeessisan hojiirra akka oolu eeranii, galteewwan, galteewwan sirna odeeffannoo dijitaalaa kana hojiirra oolchan gara biyyaatti galfamaa akka jiran ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Tajaajila Humna Ibsaa waliin gahuuf xiyyeeffannoon kennameera
Dec 31, 2025 48
  Mudde 22/2018(ENA) - Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa lammiileen Tajaajila Humna Ibsaa akka argatan hojmaata isaa babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu beeksise. Tajaajilichi akka ibsetti, naannoo hawaasni hedduumminaan keessa jiraatutti Tajaajila Humna Ibsaa sa’aatii 24 guutuu akka argataniif xiyyeeffannoo kenneen magaalaa Finfinnee Manneen Waliin Jireenyaa Caffee Bulbulaatti hawaasni tajaajilicha argachaa jiraachuu himeera.   Baatii tokko keessatti hojiilee bu’uuraalee misoomaa diriirsuu xumuruun hawaasa fayyadamoo taasisuu danda’uu kan ibsan hojii gaggeessaa Komunikeeshinii Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Anwaar Abraar dha. Haaluma kanaan jiraattonni 575 Manneen Waliin Jireenyaa Caffee Bulbulaa bilookii 23 keessa jiraatan ibsaa argachuu danda’uu isaanii ENAf mirkaneessaniiru. Jiraattota Manneen Waliin Jireenyaa kana fayyadamoo Humna Ibsaa taasisuuf sarara lafa jalaa sadarkaa sarara elektirikaa kiiloo meetira tokko giddu galeessaa fi tokko qabxii tokko immoo sarara gadi aanaa lafa jala kan awwaalamu diriirfamuu isaas ibsaniiru.   Dabalataanis tiraansifoormaroonni 4 abbaa kiiloo Voolti Ampeerii 630 qaban dhaabamuu himaniiru. Jiraattonni kunneen kanaan dura fayyadamtoota dhuunfaa osoo hin taanee lakkooftuu abbaa feezii sadii waliin itti fayyadamaa akka turan yaadachisaniiru. Fayyadamtoonni gama isaaniitiin waggoota shanan darbaniif buddeena tolchuufis ta’e hojiilee biroo hojjechuuf rakkachaa akka turan himaniiru.   Yeroo dheeraaf adda ciccitiinsa Humna Ibsaa fi humna dhabuu Humna Ibsaatiin rakkachaa akka turan eeruun, amma fayyadamoo waan ta’aniif rakkoon isaanii furmaata argachuu dubbataniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Walii gateewwan hoggantoota gidduutti taassifaman hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira
Dec 31, 2025 128
Mudde 22/2018(ENA)-Walii galteewwan Hogantoota Itiyoophiyaa fi Hindi gidduutti taassifaman hojiirra oolchuu fi michummaa tarsiimo’aa biyyoota lamaanii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumaar Raay ibsan. Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuun daldalaa fi dinagdeerra darbee bal’ina tumsa isaanii ni babal’isa jedhaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil kumar Raay ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Hindi biyyoota hariiroo yeroo dheeraa waliin qabanidha. Itiyoophiyaan hinditti Gidduugala Aadaa biyyoota Afriikaa keessaa biyya qabdu ta’uu eeruun, Aadaa Itiyoophiyaa Hinditti caalaatti beeksisuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Daandiin qilleensa Itiyoophiyaa torbanitti balallii 40 ol Hinditti akka taasisu kan beeksisan Ambaasaaddarichi, Ambaasaaddara Aadaa Itiyoophiyaa jechuun dhaabbaticha jajataniiru. Daawwannaa Ministira Muummee Nariindiraa Moodii hordofee hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu dubbataniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu daldalaa fi Dinagdeerra darbee baay’ina tumsaa isaanii kan babal’isuu ta’uu eeraniiru. Daawwanicha hordofee Biyyoonni lamaan Gumurukiin, Hojii nageenya kabachiisuun, gidduugala daataa Ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa ijaaruu dabalatee walii galteewwaan adda addaa mallatta’uu yaadataniiru. Hariiroon biyyootaa gara michummaa Tarsiimo’aatti guddachuun tumsa kibba kibbaa kan cimsuu fi biyyoonni tumsa idil- Addunyaa qaban kan dagaagsu ta’uu hubachiisaniiru. Lakkoofsa Itiyoophiyaanota carraa barnootaa Hinditti argatanii dachaan guddisuuf waliigalteerra ga’amuu kaasaniiru. Biyyoonni waloon hojjechuuf hojiiwwan walii galan raawwachuu fi michummaa tarsiimo’aasaanii cimsuuf rood maappiin qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.  
Adeemsi marii biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf bu’ura kan kaa’u boqonnaa murteessaarra gaheera
Dec 30, 2025 170
Mudde 21/2018(ENA)- Adeemsi marii biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf bu’ura kan kaa’u boqonnaa murteessaarra gahuusaa mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee ibsan. Mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee turtii ENA waliin taasisaniin, yeroo ammaa hojiileen ijaarsa mootummaa cimaa si’achiisan hojjetamaa jiru jedhaniiru. Kanaaf ammoo marii biyyaalessaa hundi itti hirmaatu gaggeessuuf, filannoo nagaa fi demokiraatawaa taasisuuf, biyya olaantummaan seeraa keessatti dagaage ijaaruuf akkasumas rakkoolee jiran karaa nagaa furuuf dursi kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Seenaa bara dheeraa Itiyoophiyaa keessatti walii galteen biyyaalessaa dhabamuun, rakkoo jiran karaa qaroomeen furuu dhabuu fi ilaalchi siyaasaa boodatti hafaa cabiinsa mootummaa biyyaalessaa mul’atan ta’uu kaasaniiru. Adeemsa marii biyyaalessaa milkeessuun, filannoo karaa milkaa’een gaggeessuu, rakkoolee karaa nagaa furuun, olaantummaa seeraa mirkaneessuun biyya Itiyoophiyaanota hundaaf geessu ijaaruuf ni gargaara jedhaniiru. Adeemsi marii biyyaalessaa bu’a qabeessa ta’uunsaa rakkooleen Itiyoophiyaa turan akka furaman kan ibsan ministirri itti waamamaa mootummaa, cabiinsa Itiyoophiyaa gama suphuutiin shoora olaanaa akka bahatu dubbataniiru. Mariin kun dhimmoota walii galtee biyyaalessaaf murteessaa ta’an irratti walii galuuf waan gargaaruuf hundi dammaqinaan hirmaachuu akka qabu eeranii, dhimmoota walitti bu’iinsaaf ka’umsa ta’an karaa qaroomeen furuuf filmaata sirrii ta’uusaa ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa ijaarsa mootummaa biyyaalessaaf, nageenya fulla’aa fi walii galtee biyyaalessaaf bu’ura kan itti kaa’u boqonnaa murteessaarra gaheera jedhaniiru. Marii biyyaalessaa milkaa’aa raawwachuudhaan heera mootummaa lammiileen hundi itti walii galan dhugoomsuu fi dhimmoota murteessaa ta’anirratti waliigaltee uumuuf waan gargaaruuf hirmaannaa cimaa nama hundaa akka gaafatu dubbataniiru. Aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa isa boodatti hafaa jijjiiruuf, aadaa nageenyaa gaarii ijaaruuf akkasumas Itiyoophiyaanonni qabeenya uumamaasaaniin hojjetanii akka jijjiiramanii fi biyya badhaate akka ijaaran bu’ura ni kaa’a jedhaniiru. Dabalataanis naannoo Tigraayitti ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuuf qophiin taasifamuusaa eeranii, kanaafis qooda fudhattoota naannichaa garagaraa waliin mariin taasifamuu gabaasota mana mareef dhihaaterraa hubachuun akka danda’ame dubbataniiru.
Ijaarsa sirna Dimokiraasii cimsuuf  hojiiwwan eegalaman  bu’aa qabeesa akka ta’aniif  dhaabbileen Hawaasa Siivilii  qoodasaanii  guddisuu qabu
Dec 30, 2025 149
Mudde 21/2018(ENA)- Ijaarsa Sirna dimokiraasi cimsuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeessa akka ta’aniif dhaabbilileen Hawaasa Sivilii Qoodasaanii bahuu akka qaban sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Itti gaafatamaan gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa ibsan. Mata duree “ Aadaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii irratti qooda dhaabbilee hawaasa sivilii “ jedhuun Dhaabbilee Hawaasa Sivilii Magaalaa Finfinnee jiraniif leenjiin kennamaa jira. Sagantaa leenjichaarratti Abbootiin Amantaa, Jaarsoliin biyyaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee hawaasa sivilii kutaa Magaalaa adda addaa keessa walitti dhufan hirmaachaa jiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Itti gaafatamaan gidduugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan nageenya, Misoomaa fi Dimokiraasii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Kanaafis dhaabbileen cimoon barbaachisoo ta’uu eeruun, cimina dhaabbileef qoodni dhaabbilee hawaasa sivilii olaanaa ta’uu ibsaniiru. Adeemsi Ijaarsa biyya kan milkaa’u humnaa fi walitti bu’insaan osoo hin ta’iin, garaagarummaa mariin karaa nagaan hiikuunii fi olaantummaa yaadaaf bitamuuni jedhaniiru. Shaakalli dimokiraasii kana fakkaatan akka dagaaganiif hirmaannaan Hawaasa Sivilii murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis qoodasaanii cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Mootummaan fayyadamummaa hawaaaa mirkaneessuuf sadarkaa biyyoolessaatti Dhaabbilee Hawaasa Sivilii fi waltajjiin qindooma qooda fudhattootaa hundaa’uu dubbataniiru. Waltajjiin kun sadarkaa Magaalaa Finfinneetti hundaa’uu ibsuun, waltajjii kanarratti dhaabbileen hawaasa sivilii gurmaa’anii Magaalaa Finfinneetti socho’aa jiran hirmaachuu akka qaban ibsaniiru. Gidduugala Damee Ijaarsa sirna Dimokiraasii Magaalaa Finfinneetti Itti gaafatamaa Aadaa Ijaarsa sirna dimokiraasii Doktar Mi’eessoo Elemaa gamasaaniin, leenjichi dhaabbilee hawaasa sivilii Magaalicha jiran caalaatti qoodasaanii akka bahan guddisuuf ta’uu eeraniiru.
Ijaarsa sirna dimokiraasii cimsuuf  hojiiwwan eegalaman  bu’aa qabeesa akka ta’aniif  dhaabbileen Hawaasa Siivilii  qoodasaanii  guddisuu qabu 
Dec 30, 2025 110
Mudde 21/2018(ENA)- Ijaarsa Sirna dimokiraasii cimsuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeessa akka ta’aniif dhaabbilileen Hawaasa Sivilii qoodasaanii bahuu akka qaban sadarkaa itti aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti itti Gaafatamaan Gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa ibsan. Mata duree "Aadaa Dimokiraasii Ijaaruu Keessatti Gahee Dhaabbilee Hawaasa Siivilii" “ jedhuun Dhaabbilee Hawaasa Sivilii Magaalaa Finfinnee jiraniif leenjiin kennamaa jira. Sirna leenjichaarratti abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi bakka bu’oonni dhaabbileen hawaasa sivilii kutaa magaalaa adda addaa keessa walitti dhufan hirmaachaa jiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti itti gaafatamaan Gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan nageenya, Misoomaa fi Dimokiraasii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Kanaafis dhaabbileen cimoon barbaachisoo ta’uu eeruun, cimina dhaabbileef qoodni dhaabbilee hawaasa sivilii olaanaa ta’uu ibsaniiru. Adeemsi ijaarsa biyya kan milkaa’u humnaa fi walitti bu’insaan osoo hin ta’iin, garaagarummaa jiru mariin, karaa nagaan hiikuunii fi olaantummaa yaadaaf bitamuuni jedhaniiru. Shaakalli dimokiraasii kana fakkaatan akka dagaaganiif hirmaannaan Hawaasa Sivilii murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis gahee isaanii cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Mootummaan fayyadamummaa hawaaaa mirkaneessuuf sadarkaa biyyoolessaatti Dhaabbilee Hawaasa Sivilii fi waltajjiin qindoomina qooda fudhattootaa hundaa’uu dubbataniiru. Waltajjiin kun sadarkaa Magaalaa Finfinneetti hundaa’uu ibsuun, waltajjii kanarratti dhaabbileen hawaasa sivilii gurmaa’anii Magaalaa Finfinneetti socho’aa jiran hirmaachuu akka qaban ibsaniiru. Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Demokraasii magaalaa Finfinnee itti Gaafatamaa Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraatawaa doktar Mi’eessoo Eleemaa gama isaaniin akka jedhanittii, leenjiin kun gahee jaarmiyaalee waldaalee siivikii magaalittii keessatti qaban daran guddisuuf kan akeeke ta’uu hubachiisaniiru. Kaayyoon leenjichaa inni biraan mootummaa fi dhaabbilee gidduutti tumsa cimaa uumuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru.
Gareen ‘Tihinag’ hojii deebisanii dhaabuu gufachiisuun buqqaatota siyaasaaf itti fayyadamaa jira- Paartii Dimookiraatawaa Simirriit.
Dec 28, 2025 369
  Mudde 19/2018(ENA) - Gareen Tihinag hojii deebisanii dhaabuu gufachiisuun buqqaatota siyaasaaf itti fayyadamaa jira jedhe Paartiin Dimookiraatawaa Simirriit. Garee isaa seeraan alaa qindeessuun deeggarsi namoomaa akka buqqaatota hin qaqqabne taasisaa jira jedhe. Miseensa Mana Maree fi Damee Miidiyaa fi Komunikeeshinii Paartii Dimokiraatawaa Simirriit kan ta’an obbo Xa’aamee Araddoom ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti gareen seeraan alaa naannoo Tigraay keessa socho’aa jiru buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gufuu ta’eera. Gareen seeraan alaa kunneen buqqaatota doorsisuun rakkoo fi beela keessa isaan galcheera jedhani. Dabalataaniis gareen seeraan alaa kuni deeggarsa lammiilee buqqaatotaaf ergamu saamuun ofiif oolchachuun, namoota mirga isaanii gaafatan immoo sodaachisuun miidhaaf isaan saaaxilaa jira jedhaniiru. Yeroo ammaa kanatti naannoo Tigraay keessumaa dahannoo buqqaatotaa keessatti rakkoo hammaataa gahaa jiruuf garee seeraan alaa kanatu sababa ta’eera jedhani. Gareen seeraan alaa kun rakkoo, du'aa fi hammeenya buqqaatotaa itti fufsiisaa jira waan ta’eef; keessumattuu qaamonni adda addaa gargaarsi namoomaa fi dhiheessiin naannicha seenu kallattiin fayyadamtoota bira akka gahu taasisuu akka qaban hubachiisaniiru obbo Xa’aameen. Gareen seeraan alaa kuni siyaasa hamaa isaa adeemsifachuuf hammeenya gara jabeenyaan raawwatu, rakkoon hawaasa Tigraay akka itti fufu taasisaa jira jedhaniiru.
Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyoolessaa uumuuf carraa gaarii dha.
Dec 28, 2025 297
  Mudde 19/2018(ENA) -Itiyoophiyaatti waliigaltee biyyoolessaa galmaan ga’uuf lammiileen hundi Marii Biyyoolessaa dhiyaate carraa gaarii kana fayyadamuu akka qaban Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii ibseera. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ajandaa qindeessuun, hojiiwwan galteewwan ajandichaaf ta’an walitti qabuun Yaa’ii Marii Biyyaalessaa walii galaaf kan ta’u qophaa’aa jiraachuu ibsuun isaa kan yaadatamudha. Pireezidaantiin Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Ahimad Huseen akka jedhanitti, lammiileen Itiyoophiyaa waliin marii taasisuun ajandaa waloo irratti waliigaltee irra gahuu dadhabuun biyyattiin gatii kaffalaa turte. Kanaaf dur biyyattiin ittiin rakkachaa kan turte yeroo ammaa ajandaa biyyaalessaa walitti qabuun,walii galtee biyyaalessaaf shoora olaanaa qaba waan ta’eef carraa gaarii ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa olaantummaa yaada irratti hundaa’e gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa cimsu Itiyoophiyaa keessatti sirna dimokiraasii guddatee fi haala siyaasaa hunda hirmaachise uumuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru. Adeemsi Marii Biyyaalessaa hirmaachisaa, hunda kan hammate, amanamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf, adeemsa marii duraa gaggeeffameef deeggarsa gaarii taasisaa akka jiranis eeraniiru. Hundeessituu fi daayreektarri dhaabbata ‘Tarkaanfii Sasteenabil Divilopmantii’ Warqinash Beegii akka jedhanitti adeemsa ajandaa walitti qabuu fi adda baasuu keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.   Adeemsa Marii Biyyoolessaa keessatti dubartoonni dammaqinaan hirmaachuu, ajandaa walitti qabuu fi adeemsa marii irratti hirmaachuu, ajandaa waliigaltee biyyaalessaa barbaadu komishinichaaf dhiyeessuu ibsaniiru. Barreessaan ‘Alliyaansii Biiweeldiingii Yuuz Piis Waayibuuntuu’ Siisay Taarraqanyi akka jedhanitti, Marii Biyyaalessaa ajandaa adda baasuufi hirmaattota adda baasuu hojiileen hirmaannaa dargaggootaa cimsuu danda’u hojjetamaa jira.   Gara fuula duraatti, milkaa’ina yaa’ii Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa guddichaatiif deeggarsa barbaachisu hunda akka itti fufanis mirkaneessaniiru.
Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaase
Dec 23, 2025 551
Mudde 14/2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaaseera. Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee 5ffaa bara hojii 5ffaan gaggeesseera. Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo wixineen labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi Kuwaaraantaayinii oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Wixineen labsii kun ilbiisa biqiltuu midhaanirratti uumamu sirna hojmaataa dursanii ittisuu diriirsuudhaan qisaasa midhanii hir’isuun oomishtummaa midhaanii dabaluudhaan oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee gamasaaniin, Itiyoophiyaan bqiltuu fi lubbu qabeeyyii hedduu qabaattus hammattoo seeraa qabeenya uumamaa qabdu sirnaan itti fayyadamuuf gargaaru hin qabdu ture. Kunis hmmattichi boodatti hafaa fi to’annoof mijataa waan hin taaneef labsii kana fooyyessuun barbaachisuunsaa ibsameera. Wixineen labsii kun dhiibbaa sababa ilbiisaa fi aramaa biqiltuurratti mudatuun oomishtummaa qonnaarratti qaqqabu sirna to’annoo cimaatiin ittisuuf akka gargaaru himaniiru. Wixineen labsii eegumsa biqiltuu fi kuwaaraantaayinii kun waliigalteewwan eegumsa biqiltuu idil addunyaa ka’umsa godhachuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Wixineen labsii kun Itiyoophiyaan qabeenya biqiltuu qabduuf kunuunsa barbaachisu gochuun fayyadama dinagdee guddisuuf dandeettii uumuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensonni mana maree wixinee labsii kanarratti yaada kennuun sagalee guutuun raggaaseera. #ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI

Hawaasummaa
Komishiniin Marii Biyyoolessaa hojiiwwan fuulduratti hojjetu maal faadha?
Dec 31, 2025 51
  Mudde 22/2018(ENA)-Dubbii himaan Komishinii Marii Biyyoolessaa Xibabuu Taaddasaa turtii ENA waliin taasisaniin Komishinichi hojiiwwan hanga ammaatti hojjeteen milkaa’aa ta’uu himaniiru. Komishinichi hojiiwwan gurguddoo gara fuula duraatti hojjetu adda baasuu ibsaniiru. Kanaanis Komishinichi yaa’ii Marii Biyyoolessaa guddaa waamuun dura hojiiwwan gurguddoon hojjetamuu qaban jiraachuusaanii beeksisaniiru. Isaan keessaa amma tattaaffiin taassifamaa kan jiranii fi Naannoon Tigiraay adeemsa marichaa keesstti hirmachisuun tokko ta’uu eeraniiru. Haala karoora Komishinichaan Naannichi yeroo dhihoo asitti hirmaattota adda baasuun hojii ajandaa walitti qabuu hojiirra oolchuuf tattaaffii guddaan taassifamaa jiraachuu dubbataniiru. Ajandaan Naannoo Tigiraay erga walitti qabamee booda kan biroon xiyyeeffannoon kennamee hojiiwwan hojjetaman bocuu ta’uu ibsaniiru. Hanga ammaatti ajandaawwan hedduu walitti qabuu eeruun, ajandaawwan kanneen keessaas ajandaawwan Marii Biyyoolessaaf kan dhiyaatan adda baafamu jedheera. Itti dabaluunis Marii Biyyaalessaaf yoo dhiyaachuu baatanillee sadarkaa sadarkaan ajandaawwan kamtu xiyyeeffannoo barbaada kan jedhu hojiin adda baasuu ni raawwatama jedhan. Ajandaawwan Marii Biyyoolessaaf dhiyaatan uummataa fi qooda fudhattootaaf ifa gochuu fi ajandaa qopheessuunis xiyyeeffannon kennameefii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsichi hirmaachisaa fi hunda kan hammate akka ta’uuf hojiiwwan hojjetaman irratti hedduun hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, kanneen hanga ammaatti adeemsa kana keessatti hin hirmaanne hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan Komishinichi namoota yeroo ammaa adeemsa kana keessatti hin hirmaanne gara adeemsaatti fiduuf xiyyeeffannoon ni hojjeta jedhan. Hojiileen armaan olitti ibsamanii fi kanaan walqabatan erga xumuramanii booda tarkaanfiin dhumaa Marii Biyyaalessaa waamuu akka ta’e beeksisaniiru. Ajandaawwan konfiraansichaaf dhiyaatan irratti marii taasisuun waliigalteerra ga’uuf hojiin haadureewwanii hojjetamaa akka jirus ibsaniiru. Komishinichi bu’uura hojii fi itti gaafatamummaa Labsii Hundeeffamummaa isaatiin itti kennameen dhimmoota marii fi waliigalteedhaan irra ga’aman hojiirra oolchuuf yaada ni qopheessa, akkasumas qaamota dhimmi ilaallatuuf ni dhiheessa, hojiirra oolmaa isaanii hordofuu fi deeggarsa kennuu ta’a jedhan.
Tajaajila Humna Ibsaa waliin gahuuf xiyyeeffannoon kennameera
Dec 31, 2025 48
  Mudde 22/2018(ENA) - Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa lammiileen Tajaajila Humna Ibsaa akka argatan hojmaata isaa babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu beeksise. Tajaajilichi akka ibsetti, naannoo hawaasni hedduumminaan keessa jiraatutti Tajaajila Humna Ibsaa sa’aatii 24 guutuu akka argataniif xiyyeeffannoo kenneen magaalaa Finfinnee Manneen Waliin Jireenyaa Caffee Bulbulaatti hawaasni tajaajilicha argachaa jiraachuu himeera.   Baatii tokko keessatti hojiilee bu’uuraalee misoomaa diriirsuu xumuruun hawaasa fayyadamoo taasisuu danda’uu kan ibsan hojii gaggeessaa Komunikeeshinii Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Anwaar Abraar dha. Haaluma kanaan jiraattonni 575 Manneen Waliin Jireenyaa Caffee Bulbulaa bilookii 23 keessa jiraatan ibsaa argachuu danda’uu isaanii ENAf mirkaneessaniiru. Jiraattota Manneen Waliin Jireenyaa kana fayyadamoo Humna Ibsaa taasisuuf sarara lafa jalaa sadarkaa sarara elektirikaa kiiloo meetira tokko giddu galeessaa fi tokko qabxii tokko immoo sarara gadi aanaa lafa jala kan awwaalamu diriirfamuu isaas ibsaniiru.   Dabalataanis tiraansifoormaroonni 4 abbaa kiiloo Voolti Ampeerii 630 qaban dhaabamuu himaniiru. Jiraattonni kunneen kanaan dura fayyadamtoota dhuunfaa osoo hin taanee lakkooftuu abbaa feezii sadii waliin itti fayyadamaa akka turan yaadachisaniiru. Fayyadamtoonni gama isaaniitiin waggoota shanan darbaniif buddeena tolchuufis ta’e hojiilee biroo hojjechuuf rakkachaa akka turan himaniiru.   Yeroo dheeraaf adda ciccitiinsa Humna Ibsaa fi humna dhabuu Humna Ibsaatiin rakkachaa akka turan eeruun, amma fayyadamoo waan ta’aniif rakkoon isaanii furmaata argachuu dubbataniiru.
Qormaanni Xumuraa Manneen Barnootaa  Sadarkaa Gidduugaleessaa Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu haala dandeessisuun  akka qophaa’uu ta’aa jira   
Dec 29, 2025 297
Mudde 20/2018(ENA)- Qormaanni Xumuraa Manneen Barnootaa Sadarkaa Gidduugaleessaa sirna barnootaa kan bu’uureffatee fi haala qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda’uun akka qophaa’u ta’aa jiraachuu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa ibse. Waltajjiin marii xumura barnoota sadarkaa gidduugaleessaa fi istaandardii qormaataa kutaa 8ffaa eegsisuurratti xiyyeeffate bakka bu’oonni Biiroo Barnootaa Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa bakka argamanitti Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olanaan Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa doktar Asheetuu Kabbadaa qulqullina barnootaa eegsisuuf hojiiwwan deeggaran keessaa tokko qormaata sadarkaasaa eeggate kennuudha jedhaniiru. Tajaajilichi qormaata sadarkaa sadarkaan kennaman Sirna Barnootaa kan bu’uureffatanii fi qulqullina barnootaa mirkaneessuu kan dandeessisan akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis xumura qormaata sadarkaa gidduugaleessaa fi qormaanni kutaa 8ffaa haala qulqullina eegsisuu danda’amu irratti akka qophaa’u taassifamaa jira jedhaniiru. Keessumaa qormaanni kennamuun dura gaaffiiwwan qormaataa qophaa’an madaaluun hoggantoota damee barnootaa fi ogeeyyiirraa kan eegamu ta’uu himaniiru. Qulqullinnii fi Madaalliin Qormaataa dhimmoota xiyyeeffannoon itti kennamu keessa tokko ta’uu ibsuun, tajaajilichi deeggarsaa fi hordoffii taassisa jedhaniiru. Qophichaan teekinooloojii fayyadamuun qulqullinaa fi madaalliin akka eegamu kan taassifamu yoo ta’u , itti fayyadama teekinoloojiin hanqinoota jiran guutuun akka eegalu hubachiisaniiru. Waltajjiin har’aa qormaata Naannolee kutaa 8ffaa irratti hanqinoota jiran adda baasuun, qophii walfakkaataa ta’e taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu itti aanaan daarektaara olaanaa obbo Yiliqaal Wandimmenahi ibsaniiru. Naannooleen qulqullina qormaataa mataasaaniin eegsisuuf teekinooloojiin, hoj maataa fi gurmaa’insaan hojii hojjetani muuxannoo kan walirraa qooddatanidha jedhaniiru. Waltajjichi qormaata qopheessuuf , madaaluu humna dandeessisu ijaaruuf kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.
Tooftaalee Ittisaa fi To’annoo Dhibee Daddarbaa Vaayirasii Maarbargii
Dec 29, 2025 181
  Dhibeen vaayirasii Maarbargi maalidha? Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhibee weeraraan mudachuu danda’uu fi dhibee dhiigni dhangala’uun mudatu ta’ee qamni baay’ee ho’u dha. Dhala namaa, beeyladootaa fi lubbu qabeeyyii biroorrattis mudachuu mala Mallattooleen dhibee vaayirasii Maarbargi maali? Afaan, funyaan ykn gogaa keessaa dhiigni dhangala’uu Ho’ina qaamaa olaanaa, qorrisiisuu fi mataa boowwuu Dhukkubbii maashaalee fi dugdaa Olguuruu, dhukkubbii garaa fi garaa kaasaa Laphee, dugdaa fi garaa irratti dhidhiitoo sirriitti mul’atu Vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota 2 hanga 9 gidduutti mallattooleen dhibichaa mul’achuu eegalu Dhibeen Maarbargi karaa akkamiin daddarba? Namoota dhibee vaayirasichaan qabaman dhiiga, fincaan, imimmaanii fi dhangala’oo biroo waliin tuttuqqaa kallattii taasisuun Nama dhibee kanaan qabamee ykn lubbuun darbe dhangala’oo qaamaan meeshaalee faalaman waliin tuttuqqaa qabaachuu Simbira halkanii dhibee vaayirasichaan qabamaniin daddarbuu danda’a Dhibee vaayirasii Maarbargi akkamiin ittisuun danda’ama? Mallattoolee dhibee kanaa yeroo argan mana yaalaa deemuu Nama dhibee sanaan qabame waliin tuttuqqaa fi ho’i qaamaa yoo jiraate dafanii mana yaalaa dhaquu Namni dhibee Maarbargiin yoo lubbuun darbe, reeffa sana ogeessa fayyaan awwaalchisuudha malee ofii tuttuquun barbaachisaa miti Nama dhibee sanaan qabame dhiigaa fi dhangala’oo isaa irraa of eeguu Nama dhukkuba Maarbargiin qabameef kunuunsa gaafa goonu, of eeggannoo barbaachisu gochuun barbaachisaadha. Haguuggii funyaanii fi afaanii (maaskii) kaawwachuu, harka ofiitti immoo golga harkaa godhachuun barbaachisaadha.
Diinagdee
Magaalichatti sirna gibirri ittiin walitti qabamu si’ataa fi haqa qabeessa ta’e hojiirra oolchuun cimee itti fufa
Dec 31, 2025 57
Mudde 22/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti sirna gibirri ittiin walitti qabamu si’ataa fi haqa qabeessa ta’e hojiirra oolchuuf sochiin taassifamu cimee itti fufuu Waajjirri Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalichaa beeksise. Hojii gaggeessaan waajjira Galiiwwanii Magaalaa Adaamaa Obbo Balaachoo Asaffaa ENA’f akka ibsanitti, Bulchiinsa Magaalichaatti bara baajataa qabametti Idileen, Galii keessaa fi tajaajila mana qopheessaarraa birrii biiliyoona 16 tuqaa 7 walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru.   Baatiiwwwan shanaan darbanitti sochii tassifameen galiin birrii biiliyoona 9 walitti qabamuu danda’uu beeksisaniiru. Galiin walitti qabame karoora bara baajatichaa dhibbentaa 54 kan milkeesse yoo ta’u, kan bara darbee waktii Kanaan yoo madaalamu birrii biiliyoona 3 tuqaa 2n caalmaa qabaachuu ibsaniiru. Bara kana karooraa ol galii walitti qabamuun kan danda’ame magaalichatti sirna gibirri ittiin walitti qabamu si’ataa fi haqa qabeessa ta’e hojiirra akka oolu taasisuun, kaffaltoota gibiraaf hubannaan kennamuufiin ta’uu ibsaniiru. Akkasumas qaamolee daldala seeraan alaarratti bobba’an gara daldala seera qabeessaatti galchuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuun ta’uu kaasaniiru. Hojimaata gibirri ittiin walitti qabamu ammayyeessuun kaffaltoonni gibiraa haala hoj-maata badaarra bilisa ta’een tajaajila gibiraa Elektirooniksii hojiirra oolchuun ta’uu ibsaniiru. Keessumaa kaffaltoota gibiraa sadarkaa ‘A’ leenjii Elektironiksii fi haala itti fayyadama faayila fayyadamuun gibirasaanii sirnaan akka kaffalan taassisuu danda’amuu hubachiisaniiru. Magaalichatti daldala seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf tattaaffii taassifameen baatiiwwan shan darbanitti daldaltoota nagahee hin kunnee fi galii dhoksan irratti tarkaanfiin fudhatameera. Kanaanis daldaltootaa nagayee malee gurgurtaa gaggeessanii fi itti gaafatamummaasaanii hin baane 384 ta’an adabamuusaanii eeruun, muraasni seeraan gaafatamaa jiraachuu dubbataniiru. Kaffaltoota gibiraa sadarakaa ‘B’ obbo Wasan Hasan yaada kennaniin labsii gibiraa foya’ee baherratti ogeessaan hubannaan yeroo yeroon uumamaafii jiraachuu dubbataniiru.   Amman dura galii waggaa keenyaa beeksisuun waggaatti yeroo tokko kan kaffallu ulfaata ture kan jedhan kaffalaan gibiraa kun , haala labsii gibiraa fooya’een baatii sadi sadiiin gibirasaanii kaffaluuf haalli mijataan uumamuun galii isaanirra eegamu yeroon kaffalaa jiraachuu hubachiisaniiru.   Aadde Hayaat Abdullaahii gamasaaniin tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob kaffaltoota gibiraaf haala mijataa uumee fi hojimaata si’ataa diriirfameen gibirasaanii sirnaan akka kaffalan isaan dandeessisuu dubbataniiru.
Misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba'uudhaan fayyadamaa jirra - Qonnaan bultoota
Dec 31, 2025 54
  Misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba'uudhaan fayyadamaa jirra - Qonnaan bultoota Mudde 22/2018(ENA) – Filmaatawwan bishaanii jiru fayyadamuun misooma kuduraa fi muduraa irratti hirmaachuun qonnaan bultoonni Godina Baalee aanaa Harannaa Bulluq fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsan. Godinichatti lafa heektaara kuma 15 ol irratti misoomni kuduraa fi muduraa gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.   Qonnaan bulaa aanaa Harannaa Bulluq kan ta’an obbo Abdurahiman Hasannuur ENA waliin turtii taasisaniin, filmaatawwan bishaanii faayyadamuun misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba’uun fayydamoo ta’aa jiraachuu himaniiru.   Sanyii Timaatimaa fooyya’aa waajjira qonnaa irraa argatanii misoomsaniin, oomisha bara tokkoo irraa hanga birrii kuma 200 argachuu ibsaniiru. Oomisha bara kanaa fooyyessuunii fi babal’isuun yeroo ammaa kana hanga birrii kuma 300 argachuu eeruun,galii irraa argataniin jireenya isaanii fooyyeffachuu dubbataniiru.   Lafa heektaara walakkaa irratti paappaayyaa,timaatimaa fi qaaraa(corqaa) oomishaa maatii ofii danda’anii gabaaf dhiyeessaa jiraachuu kan dubbatan immoo jiraataa aanichaa obbo Adar Addisuu Shifarraa dha. Oomisha bara kanaan immoo gara lafa heektaara tokkoo fi walakkaatti guddifachuu isaanii eeruun, galiin waggaa isaanii yeroo amma birrii kuma 400 akka gahe himaniiru.   Qonnaan bulaan Amiin Aliin gama isaaniin, "Misooma qonnaa irratti keessumaa kuduraa fi muduraa irratti yoo cimanii hojjettan, nyaataan of danda’uu irra darbee jireenya ofii jijjiiruun ni danda'ama" jedhan.   Filmaatawwan bishaanii naannoo isaanii jiruu fi paampii motora bishaan harkisu fayyadamuun oomisha bara kana oomishan irraa birrii kuma 250 argachuu isaanii eeruun, misooma waliigalaa kanarraa hanga birrii miliyoona walakkaa argachuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru. Hogganaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa aanaa Harannaa Bulluqii fi itti aanaan bulchaa godinichaa obbo Awal Umar misooma kuduraalee fi muduraalee godinichatti xiyyeeffannoon kennamee akka hin turre yaadachiisaniiru. Yeroo ammaa qonnaan bultoonni teeknooloojii jallisii ammayyaa fayyadamuun ooyiruu xixiqqaa irrattillee akka oomishaniif deeggarsaa fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.   Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee obbo Mu’aawiyaa Fu’aad akka jedhanitti, Godinicha keessatti lafa heektaara kuma 15 ol irratti misoomni kuduraa fi muduraa hojjetamaa jira.   Qonnaan bultootaaf sanyiiwwan damee kuduraa fi muduraa filatamaa ta’an dhiyeessuu fi teeknooloojii ammayyaatiin deeggaruun misoomni kunis inisheetiviin hojjetamaa jira jedhan. Misoomni kun gabaa biyya keessaa tasgabbeessuun gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus hubachiisaniiru.  
Paarkiin qindaa’aa Industirii Naqamtee bara kana ijaarsa isaa xumurun hojjiitti seenuuf qophii isaa xumuraa jira
Dec 31, 2025 50
Mudde 22/2018(ENA) - Ijaarsi Paarkii qindaa’aa Industirii Naqamtee bara kana ijaarsa isaa xumurun hojitti seenuuf qopii xumaraarra akka jiru korporeeshiniin misooma paarkiwwan Oromiyaa ibse. Itti aanaan korporeeshinichaa obbo Mangistuu Raggaasaa ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, ijaarsi paarki qindaa’aa industirii Naqamtee yeroo ammaa kana ijaarsi isaa xumuramaa jira. Ijaarsi Paarkichaa bara 2013 kan jalqabame yoo ta’u bajata birrii biiliyona 10 tuqaa 2’n hojiinsaa raawwiirra jira jedhan. Paarkichaaf hojiiwwan ijaarsa gamoo bulchiinsaa xumuramaa kan jiru yoo ta’u, humna namaa qopheessuu fi guutuus ciminaan itti fufuusaa himaniiru. Haaluma Kanaan yeroo ammaa kana hojiin boolla bishaanii qopheessuunii, sarara bishaanii fi ibsaa diriirsuun ariifataa jiraachuus kaasaniiru. Paarkichaaf magaalaa Naqamtee keessatti sheedonni sadii ijaaramaa jiraachuu eeranii, yeroo gabaabaa keessatti ni xumuramas jedhaniiru. Paarkin kun guutummaa guutuutti gara hojiitti yoo seenu Abbootii qabeenyaa hanga 100 simachuu akka danda'u eeraniru. Paarkiin kun abbootii qabeenyaaf lafa hektaara 250 qopheesse keessaa yeroo ammaa kana hektaara 10 abbaa qabeenyaaf dabarsuusaa dubbataniiru. Paarkichi guutummaa guutuutti gara hojiitti yeroo galu oomisha ga’aa akka argatuuf qaamolee ilaallatan waliin hojjeta jirra jedhan. Paarkiin kun ijaarsi isaa xumuramee guutumaa guututti gara hojiitti yeroo galu keessumaa hawaasa kutaalee kibba Oromiyaa fi qonnaan bultoota naannichaa caalaatti fayyadamaa kan taasisisu ta’uus himaniiru.
Hidhi Haaromsaa Ilaalcha koloneeffataa akka xumuramu taasisuun tumsa Boqonnaa haaraa baneera
Dec 31, 2025 58
Mudde 22/2018(ENA)-Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi laga Abbayyaarratti Ilaalcha Koloneeffattootaa akka xumuramuu fi pirojektii Boqonnaan haaraan akka banamu taasise ta’uu Siwiidin Yunvarsiitii Upsalaatti Qorataan kutaa nageenyaa fi walitti bu’iinsaa Pirofeesar Ashooki Siween ibsan. Pirofeesar Ashook Siween hojii qorannoon Alattis Durataa’aa walta’insa Bishaanii Idil-Addunyaa Dhaabbata Barnootaa, saayinsii fi Aadaa Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) ti. Pirofeesarri kun Hidhi haaromsaa Xumuramee yeroo hojii eegaletti Itiyoophiyaan Dippilomaasii Afriikaa keessatti dhiibbaa guddaa geessisuushee kan argisiisu ta’uu turtii ENA waliin taasisaniin ibsaniiru. Itiyoophiyaan Eebbifamuu Hidha Haaromsaan Afrikaaf ergaa cimaa dabarsuushee dubbataniiru. Hidhi Haaromsaa milkaa’ina guddaa maandisaa fi injifannoo dippiloomaasii ta’uu hubachiisuudhaan, ijaarsi kun dhiibbaa alaa dandamachuunii fi karooraan gaggeeffamuun bu’aa galmeessisuu danda’uu isaa hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan Gibtsii fi deeggartootasheen dhiibbaa girra ahu dandamachuun pirojaktii guddaa xumurteetti jedhaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophioyaanonni mootummaa waliin dhaabbachuun kan dhugoomsan milkaa’ina biyyoolessaa ta’uu Durataa’aa walta’insa Bishaanii Idil-Addunyaa UNESCO dubbataniiru. Hidhichi yaadama Afriikaan ofiisheen hojjechuu dandeessi jedhu qabatamaan mul’isee kan argisiise ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni Afriikaa Faayinaansii Alaa eeguun alatti humna mataasaaniin pirojektii guddaa ijaaruu akka danda’ani kan barsiisu ta’uu dubbataniiru. Hidhichi yaada koloneeffataa bara dheeraa laga Abbayyaa kan biyya tokkoo qofa jedhu xumureera jedhan. Lagni Abbayyaa biyyoota hedduuf faayidaa kan kennu ta’uu kan ibsan pirofeesarri kun Abbayya karaa haqa qabeessaa fi wal-qixxummaan fayyadamuun akka danda’amu agarsiiseera jedhaniiru. Biyyoonni Sulula olii lageensaanii mirga misoomaaf fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru. Hidhi Haaromsaa Guddina Itiyoophiyaaf shoora olaanaa akka bahu fi humna ibsaa Uummatasheef, Industiriishee fi Magaalasheef ishee barbaachisa jedhaniiru. Hidhichi biyyarra darbnee biyyoota Riijiniif faayida akka qabu hubachiisaniiru. Masiriin tumsa Aannisaa riijinichaarraa fayyadamoo ta’uu dandeessi jechuun kan ibsan yoo ta’u, dhimma bishaanii irratti tarkaanfii gama tokkoon fudhachuu dhiistee biyyoota qargaraa suluulaa jiran waliin tumsaan hojjechuu akka qabdu ibsaniiru. Hawaasni Idil -Addunyaa biyyoonni sululaa qabeenya bishaanii daangaa ce’aa mirga waloon misoomsuu beekamtii akka kennu kaasuun masiriin kana akka kabajju dubbataniiru. Gama biroon Itiyoophiyaan Gaaffii Ulaa galaanaa argachuu sirrii ta’uu kaasuun mirga ulaa galaanaa argachuushee sochiiwwan gufachiisan sirrii akka hin taane kaasaniru. Biyyoonni qargara lagaa ittifayyadama bishaaniirratti dhiimmoota jiran mariin hiikuu akka qaban hubachiisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itiyoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijitaalaa akka kennan ni taasifama
Dec 31, 2025 53
Mudde 22/2018 (ENA)– Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijiitaalaa kennuu akka danda’aniif galteewwan barbaachisoo guutamaa jiraachuu De’eetaan Ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa ibsan. Itiyoophiyaan fayyaa fi nageenya hawaasummaa lammiilee ishee mirkaneessuuf imaammatootaa fi tarsiimoowwan fayyaa idil-addunyaa fi biyya keessaa hojiirra oolchitee jirti. Kanaanis imaammata fayyaa ittisa irratti hundaa’e fayyadamuun du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuudhaan kaayyoo misooma itti fufiinsa qabu jalatti kaa’aman dursee milkeessuu danda’teetti. Doktar Daraijjee Dhugumaan ENA’tti akka himanitti, Ministeeri Fayyaa dhaabbilee fayyaa bittaa galteewwaniin ammayyeessuun, tajaajila fayyaa dijiitaalaan deeggarame kennuun, teknoloojii dijiitaalaa haala fooyya’aan fayyadamuun dhaabbata fakkeenya gaarii ta’e dha. Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 sektara fayyaatiif carraa gaarii akka fide himuun, xumura tarsiimoo kanaan dhaabbileen fayyaa hedduun sirna odeeffannoo isaanii gara sirna dijiitaalaatti akka ceesisan ibsaniiru. Bara 2030tti Itiyoophiyaa keessatti hospitaalonni hundi tajaajila guutummaatti waraqaa malee akka kennaniif galteewwan tajaajila dijitaalaa barbaachisoo ta’an guutamaa jiraachuu himaniiru. Ogeeyyiin Fayyaa Ekisteenshinii sirna fayyaa hawaasaa irratti hundaa’e keessatti odeeffannoo gandarra jiran sirna dijiitaalaan qabatanii gabaasa ittiin dhiyeessan akka jiru ibsaniiru. Kanaafis, adeemsa kana guutummaatti hojiirra oolchuun tajaajilli dijitaalaa sektara fayyaa keessatti sadarkaa olaanaa akka qabaatu ni taasifama jedhaniiru. Dhaabbilee fayyaa giddugaleessa godhachuun sirnoonni odeeffannoo gara dijitaalaatti akka ce’an kan ibsan Doktar Daraijjeen, hojmaanni to’annoo ogeeyyii fayyaa irratti gaggeeffamu hojiirra akka oolu ibsaniiru. Dijitaala Itoophiyaa 2030’n lammiileen mana isaanii taa’anii gorsa fayyaa fi tajaajila akka argatan, akkasumas beellama fayyaa salphaa fi saffisaan akka qabatan carraa uuma jedhaniiru. Dabalataanis, sirni dijitaalaa odeeffannoo yaalaa dhukkubsattootaa salphatti argachuuf dandeessisan hojiirra akka oolu eeranii, galteewwan, galteewwan sirna odeeffannoo dijitaalaa kana hojiirra oolchan gara biyyaatti galfamaa akka jiran ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Sagantaan Koodarsii Miiliyoona 5 lammiileen Itiyoophiyaa Dijiitaala keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan isaan dandeessisa   
Dec 30, 2025 99
Mudde 21/2018(ENA)- Sagantaan Koodarsii Itiyoophiyaa miiliyoona shanii, hirmaannaan isaan Dijitaalaa keessatti qaban guddisuun beekumsaa fi gahumsa uumaafii jiraachuu barattoonni dhaabbilee olaanaoo ibsan. Dijiitaala Itiyoophiyaa Ijaaruuf bu’uuraalee misoomaa fi haala mijataa uumuu dabalatee hawaasni beekumsa dijiitaalaa qabu barbaachisaa dha. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Adoolessa 16 bara 2016 inisheetivii Koodarsii Miiliyoona 5 eegalchiisuunsaanii ni yaadatama. Leenjichi dandeettii bu’uuraa Andirooyidii Misoomsuu, Weeb pirogiraamiingii, Daataa saayinsii fi hubannoo nam tolcheerratti kan xiyyeeffatadha. Barattoonni Yunvarsiitii Finfinnee fi Kotobee ENAn dubbise akka ibsanitti, leenjiin koodarsii dandeettii Dijiitaalaa yeroon gaafatu dagaagfachuuf bu’uura kan ta’udha. Yunvarsiitii Finfinneetti barattuun Infoormeeshin Siistanii Arseemaa Mangistuu leenjiin koodarsii dandeettii bu’uuraa bilisaan horachuuf kan nama dandeessisu carraa kan uumuu ta’uu dubbatti. Leenjiin koodarsii saffisa dijiitaalayizeeshiniif murteessaa waan ta’eef namni hundi leenjicha hirmaachuu qaba jechuun ibsiteetti. Yunvarsiitichatti barattuun Infoormeeshin Siistanii Tsiyoon Misganaawu gamasheen leenjiin koodarsii nama hundaaf haala mijateen kan qohaa’edha jetteetti. Leenjii koodarsiin beekumsa bu’uuraa dijiitaalaa argatte barnoota idileef akka ishee gargaare ibsiteetti. Leenjichi qajeelfama itti fayyadama teekinooloojii akka ta’uu fi haala namni hundi hubachuu dabnda’uun kan qophaa’e ta’uu kan dubbatte immoo barattuu Infoormeeshin Siistemii Beeteliheem Salamooni. Yunivarsiitii Kotobeetti barataan Saayinsii Ispoortii Galataa Kaafoo akka ibsetti, leenjichi kompiitaraanis ta’e mobaayiliin hordofuun kan danda’amudha. #Ena Afaan Oromoo #ENA#TOI
Sagantaan Koodarsii Miiliyoona 5 lammiileen Itiyoophiyaa Dijiitaala keessatti  hirmaannaa ho’aa akka taasisan isaan dandeessisa   
Dec 30, 2025 72
Mudde 21/2018(ENA)- Sagantaan Koodarsii Itiyoophiyaa miiliyoona shanii, hirmaannaan isaan Dijitaalaa keessatti qaban guddisuun beekumsaa fi gahumsa uumaafii jiraachuu barattoonni dhaabbilee olaanaoo ibsan. Dijiitaala Itiyoophiyaa Ijaaruuf bu’uuraalee misoomaa fi haala mijataa uumuu dabalatee hawaasni beekumsa dijiitaalaa qabu barbaachisaa dha. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Adoolessa 16 bara 2016 inisheetivii Koodarsii Miiliyoona 5 eegalchiisuunsaanii ni yaadatama. Leenjichi dandeettii bu’uuraa Andirooyidi iMisoomsuu,Weeb pirogiraamii,Daataa saayinsii fi hubannoo nam tolcheerratti kan xiyyeeffatadha. Barattoonni Yuunvarsiitii Finfinnee fi Kotobee ENAn dubbise akka ibsanitti, leenjiin koodarsii dandeettii Dijiitaalaa yirichi gaafatu dagaagfachuuf bu’uura kan ta’udha. Yuunvarsiitii Finfinneetti barattuun Infoormeeshin Siistenii Arseemaa Mangistuu leenjiin koodarsii dandeettii bu’uuraa bilisaan horachuuf kan nama dandeessisu carraa kan uumuu ta’uu dubbatti. Leenjiin koodarsii saffisa dijiitaalayizeeshiniif murteewwaa waan ta’eef namni hundi leenjicha hirmaachuu qaba jechuun ibsiteetti. Yuunvarsiitichatti barattuun Infoormeeshin Siistenii Tsiyoon Misganaawu gamasheen leenjiin koodarsii nama hundaaf haala mijateen kan qohaa’edha jetteetti. Leenjii koodarsiin beekumsa bu’uuraa dijiitaalaa argatte barnoota idileef akka ishee gargaare ibsiteetti. Leenjichi qajeelfama itti fayyadama teekinooloojii akka ta’uu fi haala namni hundi hubachuu dabnda’uun kan qophaa’e ta’uu kan dubbatte immoo barattuu Infoormeeshin Siistemii Beeteliheem Salamooni. Yuunivarsiitii Kotobeetti barataan Saayinsii Ispoortii Galataa Kaafoo akka ibsetti leenjichi konpiiteraanis ta’e mobaayiliin hordofuun kan danda’amudha.
Galmeen siviilii fi maatii dijitaalaa milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030f gumaacha olaanaa qaba
Dec 30, 2025 61
  Mudde 21/2018(ENA)- Galmeen siviilii fi maatii dijitaalaa bulchiinsa, haqaa fi nageenya biyyaa mirkaneessuun milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030f gumaacha olaanaa qaba jedhan daarektarri olaantuu Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa aadde Salaamaawit Daawit. Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa waltajjii marii qooda fudhattoota galmee siiviilii fi maatii gaggeesseera. Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sadarkaa federaalaa irraa jalqabee hanga sadarkaa bulchiinsa gadiitti jaarmiyaa mataasaa danda’e akka qabu akkaataa Labsii Lakk.1370/2017n ni beekama. Haala kanaan tajaajilichi galmee siiviilii fi maatii gaggeessuu, qajeelchuu, qindeessuu, deeggaruu, bulchuu fi gurmeessuu, akkasumas sadarkaa biyyaatti kuusaa odeeffannoo gurmeessuu fi kuusuun itti gaafatamummaan kennameefii jira. Wayita sanatti akka Salaamaawit Daawit jedhanitti, hawaasa ammayyaa uumuu fi biyya badhaate ijaaruuf sirni galmee siiviilii fi maatii murteessaadha. Mootummaan sirna eenyummeessa dijitaalaa ijaaruu, imaammata bocuu, karoora misooma biyyaalessaa fi Galmoota Misoomaa galmaan ga’uuf jecha Labsii Galmee Siivilii fi Maatii fooyyessuu isaa beeksisaniiru. Sirni odeeffannoo qindaa’aa tajaajila seeraa, bulchiinsaa fi xiinxala istaatistiksiif akka galteetti fayyadamuun imaammata, karooraa fi murtii sirrii ta’e kennuuf akka tajaajilu himaniiru. Kunis hojmaata waraqaa Itiyoophiyaa hundee irraa jijjiiruu akka danda’u eeraniiru. Kana hordofuun magaalaa Finfinneetti appilikeeshinii galmee fooyyessuun, Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee waliin ta’uun galmeen eegalamuu isaa eeruun, gara fuulduraattis naannoolee hundatti haala itti fufinsa qabuun hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Odeeffannoon galmee siiviilii fi maatii irraa argamu dhaabbilee mootummaa fi hawaasa hunda kan fayyadu ta’uu ibsuun, adeemsa galmee hawaasni waloon akka raawwatu gaafataniiru.
Ispoortii
Taphni Faasil kanamaan Itiyoo-Elektirikii waliin gaggeessan  hawwiin eegama 
Dec 29, 2025 154
Mudde 20/2018(ENA)- Piriimar ligii Itiyoophiyaa torban12ffaan har’a eeggala. Guyyaa sa’aatii 7:00 Faasil kanamaan fi Itiyoo-Elektirikii waliin Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Liigichaan Faasil kanamaan taphoota 11 gaggeesseen yeroo shan yoo injifatu yeroo 6 qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera. Garichi qabxii 21n sadarkaa 2ffaa qabateera. Liigichatti hanga ammaatti kan hin mo’amne kilabiin qofeessi Faasil kanamaadha. Itiyoo elektiriik bara dorgommichaatti taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan 5n qixaan adda baheera. Galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. Garichi qabxii 20n sadarkaa 5ffaa qabateera. Faasil kanamaan yoo injifate dursummaa liigichaa Buna Sidaamaarraa yeroof ni fudhata. Sagantaa biroon maqalee 70 Indartaan Qiddusgoorgis waliin galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan liigichatti taphoota 11 gaggeesse keessaa kan injifate yeroo 1 qofa. Yeroo shan yoo injifatamu haaluma wal fakkaatuun yeroo 5 qixa baheera. Galchiiwwan12 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 7n sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Liigichaan Inijifataan yeroo 16 Qiddusgoorgis gamasaan taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo 4 mo’ameera. Taphoota biroo hafan 2 qabxii qooddateera. Taphoota 11n galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. Qiddus Goorgis qabxii 17n sadarkaa 6ffaa qabateera. Taphichaan Maqalee70 Indartaan injifannoo itti fufaa galmeessisuuf, Qiddus goorgis gara injifannootti deebi’uuf ni taphatu. Walwaloo Addai Giraat Yunvarsiitiin Magaalaa Baahir Daar waliin Guyyaa sa’aatii 10: 00tti Istaadiyeemii Finfinneetti ni taphatu. Walwaloo Addigiraat Yunvarsiitiin qabxii 8n sadarkaa 18ffaa qabatee sadargaa gad- bu’aa keessatti argama. Walaayittaa Diichaan Magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaatti ni taphatu. Walaayittaa Diichaan qabxii 10n sadarkaa 17ffaan adarkaa gad bu’aa keessatti argama. Magaalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa dhumaa 20ffaa qabateera. Magaalaan Aarbaa Minici Liigichaan tapha tokkoyyuu kan hin injifanne garee qofeessadha. Bunni Sidaamaa Liigicha qabxii 22n dursaa jira. Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 12ffaan hanga mudde 22 bara 2018tti ni tura.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Dirree Dawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jira
Dec 30, 2025 95
  Mudde 21/2018(ENA) - Dirree Dhawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jiraachuu ibse Biiroon Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii bulchiinsichaa. Bulchiinsichatti waktii Bonaa kana keessa lafa bishaan manca’e heektaara kuma 5 fi 550 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii akka raawwatamu himameera. Biiroo Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsichaattii Daarektarri Misooma Qabeenya Uumamaa fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa Alii Ahimad ENAtti akka himanitti, waggoota darban keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaan sululoota gogan keessatti taasifamaa ture imala wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu milkeessaa jira. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen burqaawwan deebi’uun damdamachuu jalqabuu, akkasumas misooma jallisii xixiqqaan gandoota baadiyyaa keessatti babal’achuu ibsaniiru. Kana malees kunuunsi qabeenya bishaanii fi biyyee oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu taasisuun nyaanni beeladootaas akka argamu gargaareedha jedhan. Kunis wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuu danda’eera jedhan. Keessattuu dargaggoonnii fi dubartoonni waldaaleen misooma bishaan kuufamaa irratti gurmaa’uunii fi lafa qonnaa haaraa misooma bishaan kuufamaatiin uumame gara misoomaatti jijjiiruun irraa fayyadamoo ta’aniiru jedhani. Dhuma baatii kanaatti kan eegalamu misoomni bishaan kuufamaa, jiraattonni bulchiinsichaa kuma 37 fi 550 ol kan irratti hirmaatan ta’u jedhameera. Qonnaan bultoota yaada isaanii ENAf kennan obbo Adar Hasaniifi Adar Abdullaahii Yusuuf akka jedhanitti kunuunsi misoomni qabeenya bishaaniifi biyyeef taasisan kuni lafa gabbataan lolaan akka hin haqamne gochuun oomishaa fi oomishtumma isaanii dabaluu himan.   Keessattuu, misoomni burqaa bishaanii fi misoomni jallisii wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf akka isaan dandeessise, misooma bishaan bona bara kanaa irratti hirmaachuuf eeggachaa akka jiran hubachiisaniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 379
  Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira.   Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru.   Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16269
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1341
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015