ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Finfinneetti Ayyaana Faasikaa dhufuuf omishaaleen nyaataa gahaan gatii madaalawaan dhiyaachaa jiru.
Apr 6, 2026 395
Bitootessa 28/2018(ENA): Magaalichatti Ayyaana Faasikaa dhufuuf meeshaaleen bu'uuraa gahaan gatii madaalawaan dhiyaachaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Habiibaa Siraaj ibsan. Hoggantuun Biirichaa Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun hojiiwwan gabaa tasgabbeesuuf raawwataman ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ayyaanicha sababeeffachuun daballii gatii hin malle meeshaalee bu’uuraa irratti akka hin uumamne ittisuuf dhiyeesiin gahaan jiraachuu himani. Naannoolee adda addaa waliin qindoomuun omishaaleen Qonnaa fi warshaa qulqullinaa fi baay’inaan gara Magaalaatti akka galan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Magaalattii keessatti Giddugaloota Gabaa ja'a, Gabaa Sanbataa 146, waldaalee hojii shamaattootaa fi dhaabbata daldalaa keessatti oomishni gahaan gatii madaalawaan uummataaf dhiyaachaa akka jiru ibsaniiru. Keessattu lammiilee galii gadi aanaa qaban giddugaleessa kan taasifate dhiyeessiin xaafii,qullubbii,zayitaa, meeshaaleen warshaa fi oomishaaleen qonnaa dhiyaataniiru. Akkasumas, Kutaalee Magaalichaa kudha tokko keessatti har'a waaree boodaa eegalee Baazaariin omishaaleen gabaaf dhiyaatan akka banamu himaniiru.
Naannichatti Qonna ammayyeessuun hojiiwwan hojjetamaniin oomishaa fi omishtummaan guddachaa dhufeera - Bulchaa Ashaadilii Hasan
Apr 6, 2026 223
Bitootessa 28/2018(ENA): Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti Qonna ammayyeessuun hojii hojjetameen Omishaa fi omishtummaan guddachaa dhufuu Bulchaan Naannichaa obbo Ashaadilii Hasan himani. Yaa’iin 10ffaa kawunsilii Hariiroo qaamolee qooda fudhattootaa misooma Qonnaa Naannawaa raawwii omisha Qonna Gannaa bara 2017/18 fi karoorra oomisha Gannaa bara 2018/19 irratti xiyyeeffate Magaalaa Asosaatti geggeeffameera. Bulchaan Naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan waltajjicharratti akka dubbatanitti, Naannichatti damee qonnaa ammayyeessuun jijjiiramni galmaa'aa jiru wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuu bira darbee dandeettii dinagdeesaa guddiseera jedhani. Teknooloojiiwwan qonnaa haaraa fayyadamuun hojiin qonnaa hojjetamaa jiru oyiruuwwan bal'aan sanyiin uwwisuu bira darbee oomishtummaan akka dabalu gochuu isaas himaniiru. Naannichatti sagantaa hojiiwwan jajjabeessoo Maaddi Guutuun, Ashaaraa Magariisaa, Ruuzii, Qamadii fi Misooma Sululaa irratti hojjetamaa jiran cimsuun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Mootummaan damee Qonnaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuun ijaarsi Jallisii fi pirojektoota damee kana guddisan hojjete bu'a qabeessa ta'uu isaanii ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz Obbo Baabaakir Haliifaa gamasaaniitiin, oomisha Gannaa bara 2017/18 keessatti midhaan oomishni Kuntaala Miiliyoona 55 walitti qabamuu beeksisaniiru. Karoora oomisha Gannaa bara 2018/19 keessatti Naannichatti lafa hektaara miiliyoona 2 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 70 ol argachuuf karoorfamuu hogganichi ibsaniiru. Waltajjicharratti Hoggantoonni Olaanoo Naannichaa,Hoggantoonni damee sanaa fi qaamoleen qooda fudhattootaa hirmaataniiru.
Waggoonni jijjiiramaa Dameelee Hundaan Milka’inoonni gurguddoon kan itti galmaa’anidha – Bulchaa Doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo
Apr 6, 2026 583
Bitootessa 28/2018(ENA): Waggoonni jijjiiramaa dameelee hundaan milkaa'inni gurguddoon kan itti galmaa'an ta'uu Bulchaan Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo ibsan. Waggaa 8ffaa Guyyaa jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaa itti dhufe sababeeffachuun,Godina Kafaa Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsaa uummataa gaggeeffameera. Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Bulchaan Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo, Bitootessi 24 bara 2010 guyyaa bu'uurri dimookiraasii itti kaa'amee fi yaadni ‘Ida'amuu’ kan itti bu’uureffame guyyaa seena qabeessa ta'uu ibsaniiru. Adeemsa jijjiiramaa qormaatileen adda addaa kan qunnaman ta'us, rakkoolee gara carraatti jijjiiruun dameelee hundaan milkaa'ina gurguddoon galmaa'uu dubbataniiru. Kanaanis dameelee dinagdee hedduumminaa garaagaraa gaggeessuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuun kan itti danda'ame ta’uu ibsaniiru. Magaalotattis ta'e baadiyyaa keessatti gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf turan sadarkaan deebii kennuun, guddinaa fi bayyanachuun akka dhugoomu waggoota jijjiiramaan milkaa’inoota bu'a-qabeessa irratti hojjetaman ta'uu kaasaniiru. Bulchaan Olaanaa Godina Kafaa Obbo Indaashaaw Kabbadaa gama isaaniin, waggoota jijjiiramaa keessatti akka biyyaatti Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa dabalatee pirojektoota gurguddoo biroo xumuruu fi kanneen biroo calqabsiisuun abdii biyyaalessaa guddaan kan itti qabatame ta'uu ibsaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Boongaa Doktar Takla'aab Buuloo milkaa'inni damee hundaan galmaa'e deeggarsa cimaa uummataatiin kan argame ta'uu eeruun, kunis cimee akka itti fufuuf ni hojjenna jedhaniiru. Hiriira deeggarsaa kana irratti jiraattonni magaalattii fi kutaaleen hawaasaa aanaalee Godinichaa garaagaraarraa dhufan hirmaataniiru.
Itiyoophiyaan michummaa Kuwaataar waliin qabdu daran guddisuuf kutannoon ni hojjetti
Apr 6, 2026 507
Bitootessa 28/2018 (ENA): Itiyoophiyaan hariiroo seenaa fi tarsiimoo Kuwaataar waliin qabdu daran cimsuuf kutannoon ni hojjetti jedhan sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti itti gaafatamaa Giddugala Qindeessaa ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaa Pireesidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Obbo Adam Faaraah har’a Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Mootummaa Kuwaataar Sa’ad Mubaarak Al-Naayimii waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru. Mariin kun dhimmoota hariiroo seenaa fi tarsiimoo biyyoota lamaanii daran cimsuu danda’an irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Hoggantoonni lamaan turtii isaanii keessatti hojii misoomaa babal’ina invastimantii fi fayyadamummaa waliinii hojjetamaa jiru irratti bal’inaan mari’ataniiru. Keessattuu walitti dhufeenya Mana Maree Kuwaataar (Shuraa) fi Paartii Badhaadhinaa fi Mana Federeeshinii gidduu jiru haala itti cimsuu danda’u irratti waliigaltee irra ga’aniiru. Obbo Adam Faaraah Pirojektoota misoomaa kallattii hedduun Itiyoophiyaatti hoggansa Paartii Badhaadhinaatiin hojjetamaa jiranii fi bu’aa galmaa’aa jiru Ambaasaaddarichaaf ibsaniiru. Keessattuu badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessatti jijjiirraa biyyoolessaa hordofuun sagantaaleen misooma koridaraa, oomishtummaa qonnaa fi Ashaaraa Magariisaa hojiirra oolaa jiran olaanaa ta’uu ibsaniiru. Ambaasaaddar Sa’ad Mubaarak Al-Naayimii gamasaaniitiin, bu’aan Itiyoophiyaa keessatti dameewwan misoomaa adda addaa keessatti galmaa’aa jiru gaarii ta’uu eeruun, keessattuu, haaromsa dinagdee Gooroo guutuu biyyattiin hojiirra oolchite hordofuun haalli invastimantii tilmaamamuu danda’u, iftoominaa fi mijataa ta’e uumamuu dubbatani. Ambaasaaddarichi daawwannaa naannoolee biyyattii adda addaatti taasisaniin hojiiwwan misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisuu akka arganis ibsaniiru. Kana malees, Filannoon waliigalaa 7ffaan baatii Caamsaa keessa gaggeeffamu nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf Paartiin Badhaadhinaa ciminaan hojjechaa akka jiru Ambaasaaddaricha beeksisaniiru. Itiyoophiyaan invastimantii bal’aa fi hariiroo ummataa uumuuf kutannoo akka qabdus irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Obbo Adam Faaraah deeggarsa mootummaan Kuwaataar dameelee adda addaatiin Itiyoophiyaaf taasisaa tureef galata guddaa qaban ibsuun, Itiyoophiyaan michummaa Kuwaataar waliin qabdu daran guddisuuf fayadamummaa ummatoota biyyoota lamaanii fi tasgabbii naannoof akka cimsitu kutannoon akka itti fuftu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Bu’aawwan Misoomaa hooggansa Ida’amuun naannichatti galmaa’an cimanii itti fufu
Apr 6, 2026 567
Bitootessa 28/ 2018 (ENA): Bu’aawwan misoomaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa hooggansa Ida’amuun galmaa’an cimanii itti fufu jedhani itti waamamaan olaanaa mootummaa naannichaa obbo Fiqiree Amaan. Hiriirri ummataa waggaa saddeettaffaa jijjirama biyyaalessaa deeggaru magaalaa Miizaan Amaan keessatti kan geggeeffame yoo ta’u, hoggantoonni olaanoo naannichaa, abbootiin amantaa, maanguddoonnii fi jiraattonni magaalichaa saganticha irratti argamaniiru. Hiriira kanarratti haasawa kan kennan obbo Fiqiruu Amaan akka ibsanitti, erga Mootummaan Naannoo Ummata Kibba Lixaa Itiyoophiyaa hambaa jijjiirama kanaa ta’e hundeeffamee kaasee jijjiiramni siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee hedduun naannicha keessatti mul’ateera jedhani. Pirojektoota yaad-rimee Mootummaa Ida’amuu jalatti hojjetamaa jiran cimsuun fayyadamummaa ummataa daran guddisuuf ciminaan kan hojjetan ta’uu akeekaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Siyaasa

Filannoo Waliigalaan Paartii Siyaasaa Biyyaaf Fayyadu Filachuuf Kaardii Filannoo fudhanneerra
Apr 6, 2026 323
Bitootessa 28/2018(ENA) :Filannoo waliigalaa 7ffaan Paartii Siyaasaa yaada biyya ceessisu qabu filachuuf kaardii filannoo fudhachuusaanii jiraattonni Magaalaa Amboo ibsan. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoon waliigalaa 7ffaan guutuu biyyaatti Caamsaa 24 bara 2018 akka gaggeeffamu beeksisuun isaa ni yaadatama. Boordichi sagantaa yeroo kaardii filannoo fudhachuu duraan baase hanga Eebila 14 bara 2018tti dheeressuun isaas ni yaadatama. Jiraattonni Magaalaa Amboo ENA’f yaada kennan akka ibsanitti,mirga dimookiraasii isaaniitti fayyadamuun, itti fufiinsa nageenyaa fi misooma biyyaatiif Paartii Siyaasaa yaada fooyya’aa qabu filachuuf kaardii fudhachuu isaanii fi falmiiwwan Paartiilee karaa adda addaa gaggeeffamaa jiran hordofaa jiraachuu ibsaniiru. Jiraattota ENA’n dubbise keessaa aadde Olaantuu Baantii filannicha irratti paartii walqixxummaa fi bilisummaa dubartootaa kabachiisuuf hojjetu filachuuf kan isaan dandeessisu kaardii filannoo fudhachuu isaanii himaniiru. Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aatti ni ceessisa kan jedhan paartii filachuuf guyyaa filannichaa hawwiin eeggachaa jiraachuu isaaniis dubbataniiru. Filannicha irratti dammaqinaan hirmaachuun gumaacha isaanii guddina biyyaatiif bahachuuf kan isaan dandeessisu kaardii filannoo fudhachuu isaanii kan ibsan ammoo jiraataa biraa Magaalichaa obbo Abbabaa Baqqaanaati. Misooma akka biyyaatti eegalame itti fufsiisuuf namni hundi guyyaa dabalataa kennameetti kaardii filannoo akka fudhatu muuxannoo qabaniin gorsaniiru. Biyya dimookiraatawaa fi badhaate ijaaruuf adeemsa filannoo keessatti hirmaachuun dirqama lammummaati kan jedhan ammoo aadde Saaraa Maammoo ti. Filannichi Nagaa fi haqa-qabeessa akka ta’uuf qooda isaanii kan bahatan ta’uusaanii fi kanaanis kaardii filannoo fudhachuun paartii barbaadan filachuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Bitootessi 24 Itiyoophiyaatiin sadarkaa olka’insaatti ceesisuuf ifni jijjiiramaa guyyaa bariiheefiidha- Bulchaa Ordiin Badirii
Apr 6, 2026 282
Bitootessa 28/2018 (ENA): Bitootessi 24 Itiyoophiyaatiin sadarkaa olka’insaatti ceesisuuf ifni jijjiiramaa guyyaa bariiheefiidha jedhani Bulchaan Naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin. Hiriirri guddaan injifannoo fi bu’aa jijjiirama mootummaan argame itti fufsiisuuf kaayyeffate magaalaa Hararitti geggeeffameera. Hiriira ummataa kana irratti kutaaleen hawaasaa adda addaa, dargaggootaa fi dubartoonni, hojjettoonni mootummaa fi kanneen biroo baadiyyaa fi magaalaa naannichaa irraa hirmaataniiru. Bulchaa naannichaa hawaasa Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti walitti qabamaniif haasawa taasisaniin, jijjiirama waggoota saddeet darban keessatti bu’aawwan olaanaan biyyaalessaa fi naannoo galmaa’uu ibsaniiru. Guyyaan kun gama misoomaa adda addaatiin injifannoo galmeessisuuf seenaa keessatti boqonnaa haaraa baneera jedhaniiru. Barri jijjiiramaa yeroo tokkummaa hoggansa cimaa fi kaka’umsa misoomaa olaanaa ta’uu ibsuun,; hirmaannaa fi fayyadamummaan ummataa mirkanaa’uu ibsaniiru. Ummanni hojii misooma hunda galeessa biyyattiin eegalte, akkuma kanaan dura hojjechaa ture, mootummaa cinaa dhaabbachuun cimsuu akka qabus dubbataniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irrattis ummanni kaardii sagalee kennuudhaaf isa dandeessisu fudhachuun dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru. Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa akka jedhanitti, guyyaan Bitootessi 24, mahaandisni jijjiiramaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gara aangootti dhufan, akka tasaa osoo hin taanee, injifannoo qabsoo fi wareegama ummataatiin kan milkaa’e dha jedhani. Kana malees Bitootessi 24 guyyaa cunqursaa fi sirni haqa hin qabne biyya keenya uummta Itiyoophiyaa irraa garbummaan kaafamedha jedhani. Wayita ammaa Mootumaan Ida’amuu bdhaadhina biyyaa mirkaneessuun cinatti waliigaltee biyyaalessaa uumuun sabaa fi sablammoonni dhimma waloo isaanii irratti waliin akka hojjetan taasisaa jiraa jedhani. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa Sababeeffachuun Godina Kafaa Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaa jira
Apr 6, 2026 276
Bitootessa28/2018(ENA): Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa Sababeeffachuun Godina Kafaa Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaa jira. Hiriirri deeggarsaa hojiiwwan misoomaa waggoota jijiiramaatti hojjetamanii fi milkaa’inoota argaman deeggaruun, itti fufinsa akka qabataniif kan deeggaru ergaawwan darbaa jiranidha. Jijjiiramni Bitootessa 24 dhaloota haaraaf abdiidha, biyya keenyaafis abdii haaraa dha! Bitootessi 24 guyyaa seena-qabeessa imalli badhaadhina Itiyoophiyaa itti eegalame dha! Waggoottan darban keessatti Itiyoophiyaa qormaatilee keessatti cichitee milkaa'inaan calaqqifte ijaarree jirra! Ergaawwan jedhan kunniin hiriira deeggarsaa sana irratti kanneen darbaa jiran keessatti argamu. Hiriira deeggarsaa kana irratti Bulchaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Wageeshoo dabalatee hoggantoonni olaanoon naannoo, Godinaa fi Bulchiinsa Magaalaa, jiraattonni Magaalichaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamanii
Naannoo Harariitti hiriirri deeggarsaa jijjiirama Biyyaalessaan milkaa’ina argameef beekamtii kennu gaggeeffamaa jira
Apr 6, 2026 292
Bitootessa 28/2018(ENA): Waggaa 8ffaa jijjiiramni biyyaalessaa dhugoomuu jalqabuu isaa sababeeffachuun, milkaa’ina hanga ammaatti argameef beekamtii kennuuf hiriirri deeggarsaa jiraattota Aanaalee, Magaalaa fi baadiyyaa Naannoo Harariin qophaa’e Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti gaggeeffamaa jira. Hirmaattonni Istaadiyeemicha keessatti argaman ergaawwan adda addaa imala jijjiiramaa deeggaranii fi milkaa’ina fuulduraatiif qophaa’ummaa isaanii ibsan dabarsaniiru. Dhaadannoowwan dhagaahamaa jiran keessaa muraasni: Obbolummaa heddumminaa nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf! Yaadni keenya baraa baratti kan ce’u, gochi keenya dhaloota kan jijjiiru dha! Harar Magaalaa Seena qabeessa ta’uu irraa gara fakkeenya badhaadhinaatti ni ceessifna! kanneen jedhaman keessatti argamu. Akka Hiriirtonni ibsanitti, Bitootessi 24 guyyaa ijaarsi dimookiraasii dhugaan Itiyoophiyaa keessatti mirkanaa’ee fi imalli biyya ol-kaasuu itti eegalame ta’uu ibsaniiru.
Jijjiiramni Biyyaalessaa Bitootessa 24, biyyattii sodaawwan balaa gurguddaa kan ishee oolche dha
Apr 5, 2026 1984
Bitootessa 27/2018 (ENA): Jijjiramni Biyyaalessaa Bitootessa 24 biyyattii balaa keessoo fi alaa ishee mudate irraa baraareera jedhan itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Somaalee Injinar Mahaammad Shaalee. Jijjirama Biyyaalessaa Bitootessa 24 waggaa 8ffaa sababeeffachuun naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti hiriirri ummataa geggeeffameera. Itti gaafatamaan waajjira damee Paartii Badhaadhinaa naannichaa Injinar Mahaammad Shaalee hiriira ummataa irratti argamuun ergaa dabarsaniin, jijjiiramni Bitootessa 24 nageenyaa fi misooma naannichaa cimsee tokkummaa biyyaalessaa jabeesseera jedhani. Keessattuu naannoon Somaalee rakkoo nageenyaa fi misoomaa kanaan dura ture keessaa bahee hirmaannaa siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee biyyattii keessatti qabu mirkaneesseera jedhani. Waggoota jijjiiramaa keessatti pirojektoonni misoomaa gurguddoon biyyattii keessatti eegalamanii xumuramuu isaaniis eeraniiru. Kantiibaan Magaalaa Jigjigaa Injinar Shaafii Ahmad gama isaaniin, jijjiramni Bitootessa 24 yeroo hirmaannaan lammiilee nageenya, misoomaa fi bulchiinsa gaarii keessatti jijjiiramee hojiiwwan misoomaa rakkoo ummataa furan hojjatamaa turan ta’uu ibsani. Jijjiirama kanaan dura naannichi rakkoo nageenyaa, dinagdee fi hawaasummaa akka qabu ture eeruun, jijjirama booda naannichi gara misoomaatti seenuun mallattoo badhaadhinaa ta’eera jedhani. Itti dabaluunis ummanni naannichaa sodaa fi yaaddoo keessaa bahee hirmaannaan siyaasaa biyyattii dabaleera jedhan. Magaalaan Jigjigaa mallattoo magaalotaa ta’uu ishee hubachiisuudhaan, nageenyaa fi misooma jijjiirama biyyaalssaan argame tikfachuun hirmaannaa isaa itti fufuu akka qabus dhaamaniiru. Hiriira deeggarsaa kana irratti ergaawwan darba keessaa,Bitootessi 24 guyyaa seena qabeessa yoomiyyuu kan yaadatamu,bu’aawwan injfannoon itti galmaa’ee fi nageenyi keenya kan itti mirkanaa’edha kanneen jedhamanfaati. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Hawaasummaa
Naannichatti adeemsa kenniinsa qormaata kutaa 12ffaa ‘Onlaayiniin’ milkeessuuf qophiin taasifamaa jira
Apr 6, 2026 128
Bitootessa 28/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti adeemsa kenniinsa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa 'onlaayiniin' milkeessuuf qophiileen adda addaa taasifamaa jiraachuu Biiroon Barnoota Naannichaa beeksise. Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Doktar Kaasahuun Galaanaa turtii ENA waliin taasisaniin, waggoottan sadan darban haala qabatamaa naannichaarratti hundaa’uun qormaanni waraqaa fi ‘onlaayiniin’ kennamaa ture barana onlaayiniin qofa kennuuf karoorfamuu ibsaniiru. Haaluma kanaan, bara Barnootaa kanatti Naannichatti barattoonni kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa fudhatan kumni 180 onlaayiniin akka qoramaniif qophiin taasifamaa turuu dubbataniiru. Adeemsa hanga ammaatti jiruun buufataaleen qormaataa 180 ol adda baafamanii kan hundeeffaman yoo ta'u, Godinaalee fi Aanaaleen hafan keessattis hojiin buufataalee qormaataa gurmeessuu itti fufee jira jedhaniiru. Buufataalee qormaataa kanneen itti kompiitaroota dabalataa guutuu fi diriirsa bu’uuraalee misoomaa intarneetii qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoomuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo Harariitti waggoota jijjiiramaatti misoomni lammiilee hunda fayyadamoo taasise hojjetamaniiru - Bulchaa Ordiin Badirii
Apr 5, 2026 1088
Bitootessa 27/2018 (ENA): Bulchiinsa Naannoo Mootummaa Harariitti waggoota jijjiiramaa keessatti misoomni lammiilee hunda fayyadamoo taasise hojjetamaniiru jedhani bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii. Naannoo Harariitti Giddugalli Deeggarsa Qaama Namtolchee Guutummaatti gurmaa'ee tajaajila kennuu eegaleera. Giddu-galli Deeggarsa Qaama Namtolchee Magaalichatti Giddugala Haaromsa Abrahaa Bahtaa keessatti argamu waggoota hedduudhaaf tajaajila irra kan hin oolle yoo ta’u, Biiroon Fayyaa Naannichaa humna namaa fi meeshaadhaan irra deebi’ee gurmeessee bifa haaraa fi dandeettii guutuun tajaajila kennuu eegaleera. Bulchaan mootummaa naannichaa obbo Ordiin Badirii, Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee dhugumaa fi Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaatti, Deetaan Ministeera Dhimma Hawaasummaa Huriyaa Alii giddugalicha eebbisuun hojii isaa eegalchiisaniiru. Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa saganticha irratti dhaamsa dabarsaniin, tajaajilli giddugalichaa deebi’ee eegaluun isaa jajjabeessaa ta’uu eeruun, giddugalichi tajaajila fayyaa bal’aa fi hunda galeessa ta’e kennuu itti fufa jedhaniiru. Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaatti, Deetaan Ministeera Dhimma Hawaasummaa Huriyaa Alii gama isaaniitiin, wiirtuun kun haaromfamee qabeenya barbaachisaa ta’een hojiitti galchuun hojii gammachiisaa ta’uu ibsaniiru. Giddugalichi qaama miidhamtootaaf qaama namtolchee qindeessuun misooma keessatti dammaqinaan akka hirmaatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Itti aansuun, naannichatti keellaa fayyaa sadarkaa lammaffaa aanaa Ereer, ganda Ulaan Ulaatti ijaarame eebbisuun hojii jalqabsisuu fi hospitaala sadarkaa jalqabaa haaraa aanaa Dirree Xiyyaaraatti dhagaa bu'uuraa kaa'uuf sirni ni gaggeeffama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Hojiileen Misoomaa hojjennu walitti hidhaminsa hawaasummaa ummata keenyaa cimsa - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 5, 2026 689
Bitootessa 27/2018 (ENA): Hojiileen Misoomaa hojjennu walitti hidhaminsa hawaasummaa ummata keenyaa cimsa jedhani kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen. Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin kantiibaan Adaanech, miidhagaa fi hawwataa kan ta’e manneen Pilaazaa kan Meedirook invastimanti Giruup hektaara 1.3 irratti ummataaf ijaare eebbifneerra jedhani. Akkasumas pirojektoonni misoomaa magaalaa keenya keessatti hojjachaa jirru kanneen kabajaa fi fayyadamummaa dhala namaaf kennan, dhiibbaa jireenyaa hir’isuu, walitti dhufeenya hawaasummaa jiraattota magaalaa keenyaa cimsanidha jedhani. Itti dabaluunis, dameen dhuunfaas tarsiimoo misoomaa mootummaa hordofuun, saffisaa fi kaka’umsa guddaadhaan nu waliin hojjechaa jira jedhan kantiibaa Adaanech. Akkasumas, Meedirook Invastimanti Giruup qabeenya dhuunfaa isaa irraa lafa hektaara 1.3 misoomsuu tajaajila ummataaf akka oolu murteessuu isaa eeruun, kunis yaada haaraa fi jijjiirama guddaa ta’uu ibsaniiru. Misooma qarqara lageenii yeroo hojjennus nuwaliin hojjete waan ta’eef, maqaa ummata magaalaa keenyaa fi maqaa kootiin galata onneerraa madden galateeffadha jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wiirtuu qo’annoo ammayyaa dirree Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa banu eebbisanii banan
Apr 4, 2026 756
Bitootessa 26/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wiirtuu qo’annoo ammayyaa dirree Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa banu har’a eebbisanii bananiiru. Dhaabbanni ammayyaa mooraa dhaabbata qo’annoo Armawer Hansen keessatti ijaarame kun ijaarsa bu’ura misoomaan gamatti, Itiyoophiyaa of dandeessee fi fayya buleessa taate dhugoomsuuf kan hojjetu wiirtuu beekumsaati jedhaniiru ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin. Wiirtuun qo’annoo kun laaboraatoorii 40, bakkeewwan Jaanoomiiksii (genomics) fi Baayooinfoormaatiiksii (bioinformatics) ga’ooman, akkasumas qulqullinaa fi ga’umsa qoricha biyya keessatti hojjetamanii kan mirkaneessu wiirtuu baayoo’ekuwiivaalensii (bioequivalence) of keessatti qabachuusaa ibsaniiru. Dabalataanis dhaabbatichi dandeettii balaawwan tasaaf of qopheessuu fi deebii kennuu gama gabbifachuutiin murteessaa ta’ee ni gargaara jedhaniiru. Ministirri muummee ergaa dabarsaniin, qo’annoo gara imaammataa, kalaqa gra furmaata qabatamaatti jijjiiruudhaan wiirtuun kun oomisha qorichaatiin akka of dandeenyu, nageenya fayyaa fulla’aa mirkaneessuu fi hundaa ol ammoo milkaa’inoota amma ammaatti galmeessifne caalaatti guddisuuf kan gargaaru tarkaanfii guddaadha jechuun ibsaniiru.
Diinagdee
Finfinneetti Ayyaana Faasikaa dhufuuf omishaaleen nyaataa gahaan gatii madaalawaan dhiyaachaa jiru.
Apr 6, 2026 395
Bitootessa 28/2018(ENA): Magaalichatti Ayyaana Faasikaa dhufuuf meeshaaleen bu'uuraa gahaan gatii madaalawaan dhiyaachaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Habiibaa Siraaj ibsan. Hoggantuun Biirichaa Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun hojiiwwan gabaa tasgabbeesuuf raawwataman ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ayyaanicha sababeeffachuun daballii gatii hin malle meeshaalee bu’uuraa irratti akka hin uumamne ittisuuf dhiyeesiin gahaan jiraachuu himani. Naannoolee adda addaa waliin qindoomuun omishaaleen Qonnaa fi warshaa qulqullinaa fi baay’inaan gara Magaalaatti akka galan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Magaalattii keessatti Giddugaloota Gabaa ja'a, Gabaa Sanbataa 146, waldaalee hojii shamaattootaa fi dhaabbata daldalaa keessatti oomishni gahaan gatii madaalawaan uummataaf dhiyaachaa akka jiru ibsaniiru. Keessattu lammiilee galii gadi aanaa qaban giddugaleessa kan taasifate dhiyeessiin xaafii,qullubbii,zayitaa, meeshaaleen warshaa fi oomishaaleen qonnaa dhiyaataniiru. Akkasumas, Kutaalee Magaalichaa kudha tokko keessatti har'a waaree boodaa eegalee Baazaariin omishaaleen gabaaf dhiyaatan akka banamu himaniiru.
Naannichatti Qonna ammayyeessuun hojiiwwan hojjetamaniin oomishaa fi omishtummaan guddachaa dhufeera - Bulchaa Ashaadilii Hasan
Apr 6, 2026 223
Bitootessa 28/2018(ENA): Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti Qonna ammayyeessuun hojii hojjetameen Omishaa fi omishtummaan guddachaa dhufuu Bulchaan Naannichaa obbo Ashaadilii Hasan himani. Yaa’iin 10ffaa kawunsilii Hariiroo qaamolee qooda fudhattootaa misooma Qonnaa Naannawaa raawwii omisha Qonna Gannaa bara 2017/18 fi karoorra oomisha Gannaa bara 2018/19 irratti xiyyeeffate Magaalaa Asosaatti geggeeffameera. Bulchaan Naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan waltajjicharratti akka dubbatanitti, Naannichatti damee qonnaa ammayyeessuun jijjiiramni galmaa'aa jiru wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuu bira darbee dandeettii dinagdeesaa guddiseera jedhani. Teknooloojiiwwan qonnaa haaraa fayyadamuun hojiin qonnaa hojjetamaa jiru oyiruuwwan bal'aan sanyiin uwwisuu bira darbee oomishtummaan akka dabalu gochuu isaas himaniiru. Naannichatti sagantaa hojiiwwan jajjabeessoo Maaddi Guutuun, Ashaaraa Magariisaa, Ruuzii, Qamadii fi Misooma Sululaa irratti hojjetamaa jiran cimsuun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Mootummaan damee Qonnaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuun ijaarsi Jallisii fi pirojektoota damee kana guddisan hojjete bu'a qabeessa ta'uu isaanii ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz Obbo Baabaakir Haliifaa gamasaaniitiin, oomisha Gannaa bara 2017/18 keessatti midhaan oomishni Kuntaala Miiliyoona 55 walitti qabamuu beeksisaniiru. Karoora oomisha Gannaa bara 2018/19 keessatti Naannichatti lafa hektaara miiliyoona 2 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 70 ol argachuuf karoorfamuu hogganichi ibsaniiru. Waltajjicharratti Hoggantoonni Olaanoo Naannichaa,Hoggantoonni damee sanaa fi qaamoleen qooda fudhattootaa hirmaataniiru.
Dhiibbaa dhiyeessii boba’aa dandamachuuf haala murtee mootummaan dabarsee xiyyeeffannoo keessa galchuun oomisha haqummaan raabsaa jirra – Buufataalee Raabsa Boba’aa
Apr 5, 2026 716
Bitootessa 27/2018 (ENA): Dhiibbaa dhiyeessii boba’aa dandamachuuf haala murtee mootummaan dabarsee walsimsiisuun oomisha boba’aa haqummaan raabsaa jirra jedhani buufataaleen boba’aa. ENA’n daawwannaa buufataalee raabsa boba’aa adda addaa Finfinneetti gaggeessee buufataaleen kunneen boba’aa buusanii jiran haqaan fayyadamtootaaf raabsaa akka jiran irra gaheera. Walitti bu’iinsa Baha Giddu Galeessaa hordofuun biyyoonni addunyaa hedduun dhiyeessii boba’aa irratti addaan cituu mudate furuuf qajeelfama kunuunsa cimaa baasaa jiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, haala amma jiruun walqabatee rakkoo dhiyeessii boba’aa keessatti uumame furuuf lammiileen boba’aa qusannaan akka fayyadaman yaadachiisuun isaanii ni yaadatama. Kana hordofuun Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa dhiyeessii cancala raabsaa boba’aa to’annoo cimaadhaan bulchuuf murtee bulchiinsaa baaseera. Akkuma Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee beeksisan, jalqaba torbee darbee; gama fayyadama boba’aatiin dameewwan armaan gadiitiif dursa kennuudhaaf qajeelfamni bahee jira: Haaluma kanaan: 👉 Konkolaattota boba'aa geejjiban buufatatti dursi kennamuufii qaba 👉 Oomishtoota olaanoo fi dhaabbilee al-ergii kallattiin 👉 Pirojektoota mootummaa fi dhuunfaa kallattiin xiyyeeffannoo addaa barbaadan 👉 Konkolaattota daldala galtee fi al-ergii dabalatee meeshaalee fayyadamaa bu'uuraa geejjiban 👉 Tiraaktaroota qonna ammayyeessan 👉 Konkolaattota geejjiba uummataa magaalaa fi biyyaalessaa Hojii gaggeessaan Buufata Raabsaa Boba’aa Garjii Nook Malkaamuu Siyaalfi ENAtti akka himanitti, Buufanni kun qajeelfama mootummaan baase sirnaan hojiirra oolchaa jira jedhani. Dhaabbilee dursi kennameef tajaajila laachaa, seera qabeessummaa isaanii mirkaneessaa akka jiran himaniiru. Hojjetaan Buufata Raabsaa Boba’aa OLA Kaasaanchisitti Masarat Wandim gama isaaniin akka himanitti, akkaataa hojimaata diriirfameen qaamolee hawaasaa fi misooma biyyattiif barbaachisoo ta’aniif tajaajila kennaa akka jiran dubbatani. Suppervaayizarri Buufata Raabsaa Boba’aa Sabaaraa Baabur Tootaal Baayyee Mokonnon akka himanitti, qooda fudhattoota waliin qindoominaan boba’aa haqaan raabsaa jirra jedhani. Hawaasni boba’aa qusannoon akka fayyadamu; filannoo anniisaa haaromfamuu danda’u akka fudhatuu fi aadaa deemsa miilaa akka horatu ministeerichi waamicha dhiyeesseera. Lammiileen geejjiba ummataa fayyadamuu fi daldala boba’aa keessatti sochii seeraan alaa saaxiluudhaan mootummaa waliin tumsa akka taasisan dhaamameera. Hoggantoonni buufata raabsaa boba’aa dhiibbaa hamaa jeequmsi Baha Giddu Galeessaa biyyattii irratti uume hir’isuuf namni hundi itti gaafatamummaa fi obsaan akka socho’u dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Mootummaan Naannoo Hararii jijjiirama biyyaalessaa booda damee qonnaa ammayyeessuun, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu danda’eera
Apr 5, 2026 701
Bitootessa 27/2018 (ENA): Mootummaan Naannoo Hararii jijjiirama biyyaalessaa booda damee qonnaa ammayyeessuun, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu danda’eera jedhe Waajjirri Kominikeeshinii Naannoo Hararii beeksise. Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannichaa Heenook Mulunaa himanitti, jijjiirama waggoota saddeet darban keessatti tokkoon tokkoon seektara Naannoo Hararii keessatti bu’aan qabatamaan argameera jedhani. Erga jijjiiramni dhufee as dameen qonnaa naannichatti xiyyeeffannaan guddaan kan kennameef yoo ta’u, dameewwan bu’aan itti galmaa’e keessaa tokko ta’uu himaniiru. Qonnaan bultoota hirkattummaa roobaa jalaa baasuunii fi lafa bishaan muraasa jirutti aka fayyadamuuf leenjii fi deeggarsa barbaachisu kennuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuun danada’ameera jedhani. Qonnaan bulaan jallisiitiin akka misoomsu piroojektoonni ijaarsa hidha jallisii bal’aan hojjetamaa turaniiru. Keessattuu gama oomishaa fi oomishtummaa midhaanii fi beeyladaa, kunuunsa qabeenya uumamaa, ijaarsa jallisiitiin hojiiwwan bal’aan hojjetamaa turaniiru. Akkasumas, hojiin kuduraalee fi muduraalee fi hortikaalcharii(horticulture) irratti hojjetame bu’aa jajjabeessaa galmeessee jira. Godinaalee naannichaa magaalaa fi baadiyyaa keessatti hojiin oomisha beeyladaa fi kuduraalee fi muduraa irratti hojjetamaa ture hawaasni baasii jireenyaa hir’isuun soorata madaalawaa akka argatu taasiseera jedhani. Hojiin baadiyyaatti jallisii irratti hojjetamaa tures oomishaa fi oomishtummaa dabaluu fi wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf gargaaruu keessatti bu’aa qabatamaa argamsiiseera. Qonna Arfaasaa fi gannaatiin oomishni boqqolloo fi bishingaa yeroo gabaabaa hanqina roobaa dandamatan dachaan dabaluudhaan fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessee jira. Hojiin eegumsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaatiif naannichatti hojjetamees qonnaan bultoonni bishaan lafa jalaa akka argatan taasiseera; kanaanis oomishaa fi oomishtummaa isaanii dabaluudhaan hirkattummaa rooba irraa akka bahan isaan taasiseera. Mootummaan naannichaa damee qonnaan hojii jalqabe daran cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan gaaffii Bulchiinsa Gaarii uummataa deebisan cimanii ittifufaniiru
Apr 4, 2026 253
Bitootessa26/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan gaaffii bulchiinsa gaarii uummataa deebisan cimanii itti fufuusaanii waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannichatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasa Namarraa Bulii ibsan. Godina Jimmaa, Aanaa OmooNaadaa Magaalaa Asandaabootti, giddugalli tajaajila wiirtuu Masoob Sadarkaa Aanaatti isa jalqabaa ta’e har’a eegalameera. Obbo Namarraa Bulii wayita sanatti ergaa dabarsaniin, tajaajilli Masoob Naannichatti bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii uummataa adeemsaan deebisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Akka Itti gaafatamichi Jedhanitti, tajaajilli kun hoj-maata badaa ittisuu bira darbee, gaaffiiwwan uummataa tokko tokkoon deebisaa jiraachuu keenyaaf ragaadhajechuun; gara fuulduraattis tajaajilicha ammayyeessuun lammiilee hedduuf akka gahuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniitiin, gaaffiiwwan misoomaa fi tajaajilaa jiraattonni Godinichaa yeroo adda addaa kaasan furuuf tajaajilli Masoobii sadarkaa Aanaatti babal’achaa jiraachuu eeraniiru. Kantiibaan Magaalaa Asandaaboo Obbo Naziif Sheek Kamaal, giddugala kanatti dhaabbileen 11 gosa tajaajila 52 foddaawwan 8’n akka kennan ibsuun, Ogeessonni tajaajila qulqulluu fi saffisaa kennuuf leejii fudhatanii gara hojiitti galaniiru jechuun ibsaniiru.
Leenjiin koodarsii dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa, beekumsaa fi gahumsa teeknooloojii hidhate uumaa jira
Mar 31, 2026 220
Bitootessa 22/2018 (ENA): Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii hidhate uumaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buhi. Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5, jalqabbii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ta’e, dargaggoonni guutuu biyyattii keessatti argaman dameewwan teeknooloojii adda addaatiin beekumsaa fi dandeettii horachuun gahumsaa fi dorgomaa akka ta’an taasisaa jira. Bulchiinsi Dirree Dawaas bara kana dargaggoota kuma 36 fayyadamoo taasisuuf hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuun himameera. Akka Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalichaa Harbii Buhii ENAtti himanitti, Leenjiin koodarootaa dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa ta’e uumaa jira jedhani. Dargaggoonni leenjii kanaaf galmaa’an kuma 36 keessaa dhibbeentaan 70 bu’a qabeessaa fi dammaqinaan leenjicha irratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa dhibbeentaan 59 ragaa fudhataniiru jedhani. Karoora leenjii kanaaf kaa’amee ture dhuma bara bajataa kanaatti guutummaatti galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Dargaggoonni Itiyoo Koodarsii beekumsaa fi dandeettii horataniin carraa hojii uumuu, qabeenya maddisiisuu, gahumsaa fi bu’a qabeessummaa isaanii mirkaneessaa akka jiran himaniiru. Itti dabaluunis dargaggoonni leenjicha xumuran tajaajila dhaabbata iddoo tokkoo(Masoob) fi waajjira sivil sarvisii keessatti kennamu qindeessuun gahumsa isaanii qabatamaan mirkaneessaa jiru jedhan. Hojiiwwan hojjetamanis Dirree Dawaan sadarkaa biyyaatti bu’aa fooyya’aa akka argamsiisu kan dandeessisan ta’uu hubachiisuudhaan, ji’oota baajataa hafan keessatti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Leenjitoonnis leenjichi ergama isaanii bu’a qabeessaa fi gahumsaan akka raawwatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Shamarreen Saaraa Huseen wiirtuu tajaajilaa magaalaa Dirree Masob keessatti kan hojjettu yoo taatu, beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argatte gahumsaa fi saffisa guddaadhaan itti gaafatamummaa ishee raawwachuuf kan ishee gargaaru ta’uu ibsiteetti. Leenjii kana milkaa'inaan xumuree Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa irraa waraqaa ragaa kan argate Fiqiruu Zawudee leenjiin Itiyoo koodarsii dandeettii teeknooloojii dhaloota haaraa fooyyessaa jiraachuu himani. Leenjichi ergama kana qulqullinaa fi saffisaan akka xumuran, itti quufinsa maamiltootaa akka dabalu isaan dandeessisuu eeraniiru.
Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira
Mar 28, 2026 244
Bitootessa 19/2018 (ENA): Leenjiin Itiyoo-Koodarsii carraa hojii uumuu dijitaalaa fi kalaqa babal’isuun dorgomtummaa idil addunyaa guddisaa jira jedhan Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa. Leenjiin koodaroota Itoophiyaa miiliyoona shan kaka’umsa ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kun, keessumattuu dargaggootaaf dorgomtummaa idil addunyaa isaanii babal’isuuf kan kaayyeffatedha. Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa godinaalee adda addaa leenjii fudhatanii of bira darbanii hojiirra oolmaa tarsiimoo misooma dijitaalaa biyya isaaniif taasifamu irratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru. Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ENAtti akka himanitti; Leenjichi dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu fi dandeettii jireenya isaanii guddisu horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Dargaggoonni damee teeknooloojii irratti bobba’an dandeettii isaanii akka guddifatanii gara hojii kalaqaatti akka ce’an gargaareera jedhan. Kunis dorgomtummaa biyyattii fi gara diinagdee beekumsa irratti hundaa'etti ce'uuf gumaacheera jedhan. Barnoota, qonna, industirii, turizimii fi dameewwan birootiin dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera jedhaniiru. Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaatti Daayreektarri Ayisiitii(ICT) Naa'ol Anbassee akka jedhanitti, inistiitiyuutichi barattootaa fi hojjettoonni leenjii kana akka fudhatan deeggarsa taasisaa jira. Leenjiin Itiyoo koodarsii(Ethio-Coders) dandeettii dabalataa horachuuf waan gargaaruuf lammiileen carraa argame sirnaan fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Ogeessi kun hojii lammiilee ogummaa kamiinuu bobba’an fooyyessuu keessatti gahee leenjiin kuni qabu ibsaniiru. Barattuu Baayyush Tasfaayee fi fayyadamaan barnoota tolaa (scholarship) Sudaan Kibbaa Laadulii Moorii akka jedhanitti leenjiin kun bara dijitaalaa waliin deemuuf dandeettii horachuu keessatti faayidaa qabaachuu himani.
Magaala Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo “Masoob” manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumeeta
Mar 25, 2026 470
Bitootessa16/2018(ENA)-Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuusaa jiraattonni magaalichaa ibsan. Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob erga eegalamee ji’oota 6 lakkoofsiserra. Tajaajilichaan hawaasni Magaalichaa tajaajiloota hunda bakka tokkotti argachuu isaaniitiin yeroo fi maallaqa isaanii qusachuu danda’uusaa ibsaniiru. Jiraataan Magaalaa Jimmaa Obbo Nuurii Yesuuf kanaan dura kaffaltii bishaanii fi ibsaa raawwachuuf guyyoota hedduu itti fudhachaa turuu ibsuun, amma garuu Masoob giddugala tajaajila tokkootti yeroo gabaabaa keessatti xumurachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi yeroo fi baasii kan qusatu ta’uusaa obbo Nuuriin ibsaniiru. Jiraataan Magaalatti biroon Obbo Muktaar Ibraahim tajaajila qabiyyee lafaa wajjin walqabatu argachuuf gara gidduugalichaa dhufuu isaanii ENA’f ibsaniiru. Ammaan dura tajaajila kana argachuuf seektaroota garagaraa irraa deddeebi’aa akka turan dubbachuun amma garuu guyyaa tokko keessatti xumuramaafii akka jiru dubbataniiru. Itti Aanaan Hoji Gaggeessaa Giddugalichaa Obbo Abdii Salamoon gidduugalli tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob ji’oota 6n darban keessatti tajaajiloota kuma 84 ol kennuu dubbataniiru. Sektaraaleen 25 giddu galichaa keessatti hammatamuu ibsuun, hojjettoonni 103 hawaasa tajaajilaa jiru jedhaniiru. Tajaajilli Maanguddootaa fi qaama miidhamtoota giddu galeessa godhates kennamaa jirachuus ibsaniiru. Hojjettoonni tajaajila kennan gara manguddootaa fi qaama miidhamtootaatti dhiyaatanii tajaajiluun alatti, tajaajilli liiftii addaa qophaa'uus Obbo Abdiin dubbatan. Fuuladurattis dameewwan giddugalichaa ganda magaalatti keessatti banuun caalaatti hawaasatti dhiyaachuuf karoorfamuusaas ibsaniiru. Kana malees, tajaajila gidduugalichaa socho'aa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Ispoortii
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 437
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru. Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Dorgaommiin Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli Ispoortiiwwan Aadaa Sadarkaa Biyyaalessaa har'a Magaalaa Harariitti ni jalqabama
Mar 29, 2026 461
Bitootessa 20/2018(ENA)- Dorgommiin Ispoortii Aadaa biyyaalessaa 23ffaan fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaan har'aa eegalee Magaalaa Hararitti ni gaggeeffama. Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Ministeerri Aadaa fi Ispoortii qophicha( taatee kana) waliin ta'uun qopheessaniiru. Dorgommiinii fi Feestivaalli kun mata-duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun kan gaggeeffamudha. Dorgommii gosoota Ispoortii 11n gaggeeffamu kanarratti Naannolee fi Bulchiinsa Magaalota hundaarraa Isportessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jechuun Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiseera. Dorgommii fi Feestivaala kanarratti keessummoonni kabajaa Konfedereeshinii Ispoortii fi Taphoota Aadaa Afrikaa irraa affeeraman ni argamu. Sagantichi tokkummaa, garaagarummaa fi waliin jireenya Sab-daneessummaa Itiyoophiyaa kan calaqqisiisudha. Feestivaalichi Hawaasa Ispoortii Aadaa irratti hirmaachisuu fi fayyadamaa taasisuun alatti, Ispoortii Aadaa Hawaasummaa taasisuu dandeessisuuf kaayyoo akka qabu ragaan Ministeerichaa ni mul’isa. Mootummaan xiyyeeffannoo addaa Misooma Ispoortiitiif kenneen, Imaammata Ispoortii haaraatiin Ispoortiiwwan Aadaa misoomsuuf hojjechaa akka jirus ibsameera.
Hojiin bu'a qabeessa damee ispoortii naannichatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii
Mar 28, 2026 426
Bitootessa 19/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Hararii Ordiin Badirii akka ibsanitti, damee ispoortii naannoo Hararii keessatti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimee itti fufu jedhan. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badirii qophii Dorgommii Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa 19ffaa boru naannichatti eegaluuf taasifamaa jiru daawwataniiru. Hojiin damee ispoortii naannicha keessatti hojjetamaa jiru sadarkaa fooyya’aa irra akka jiru bulchaan kun eerruun, damee kanarratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimanii itti fufu jedhaniiru. Dargaggoota atileetota damee ispoortii adda addaa naannichaa fi naannawaa keessatti dandeettii qaban guddisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba jedhan. Ispoortii sarkasii guddisuuf hojiin bal’aa qabeessi hojjetamuu akka qabus dubbataniiru. Dorgommiin Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaa Boru irraa eegalee Naannoo Harariitti ni gaggeeffama. Dorgommii fi ayyaanni ispoortii aadaa torban tokkoof turu kun mata duree "Misooma Ispoortii Aadaa olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffama.
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 338
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera. Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera. Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira. Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal simsiisuun bosonaa kunuunsa jirti
Apr 4, 2026 888
Bitootessa 26/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaagaalee idil addunyaa bittaa fi gurgutaa kaarbooniin kan wal siman muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa guddisaa jiraachuu qindeessaan koree teekniikaa ashaaraa magariisaa Dr. Adafris Warquu ibsan. Doktar Adafris Warquu turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu kaasanii, irra caalaan bosona keessatti akka argamu eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluurra darbee galiin biyyattiin gurgurtaa kaarbooniirraa argattu akka dabalu qooda olaabaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii garagaraa hedduu waan qabduuf kuusaa kaarboonii fooyya’aa of keessatti qabachuuf teessuma lafaa mijataa akka qabdu doktar Adafris ibsaniiru. Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa fi naannawaa irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jirtu eeranii, kun ammoo kaarboonii qilleensarraa dhabamsiisuudhaan karaa uumamaa fi nam-tolcheen akka kuufamu gochaa jira jedhaniiru. Gaaziin ho’a of keessatti qabatu kan kana dura bosonni ciramuu fi qabiinsa lafaa hin malleen gara hawaatti gadi lakkifamu ittisuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa akka jiru himaniiru. Haala Kanaan muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa fulla’aa ta’an kan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal siman guddisuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kan lammataa ammoo yeroo biqiltuuwwan dhaabaman kaarboonii Kanaan dura gara hawaa seene walitti qabuun kan itti deebi’an kan godhu hojmaata hojiirra oolchuunii fi kaarboonii gadhiisiirraa eegame gabaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtuun gurgurtaa kaarboonii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu fi biyyoonni garagaraa Itiyoophiyaa waliin walii galtee bittaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Haala Kanaan mootummaan Norweeyi ka’umsaaf bittaa kaarboonii doolaara miiliyoona 75 akkasumas Baankiin addunyaas walii galtee bittaa raawwachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Norweeyii fi Baankiin addunyaa bituuf kan barbaadanii ol Kaarboonii maddisiisuushee eeranii, qabeenyi kaarboonii doolaara biiliyoona tokko baasu akka jiru ibsaniiru. Addunyaarratti Bajata guddaa bittaa kaarbooniif ramadamu gara gurgurtaa kaarboonii Itiyoophiyaatti fiduuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Faayinaansii kaarboonii addunyaarratti argamu gara Itiyoophiyaa fiduuf sagantaa ashaaraa magariisaa cimsuun olitti sanadoota qindeessuunii fi hojiileen biro hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru.
Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu argatu
Apr 3, 2026 682
Bitootessa 25/2018 (ENA): Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu akka argatan Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Ibsa Inistiitiyuutichi ENA’f ergeen, rooba Arfaasaa Bitootessa 23 hanga Eebila 22/2018tti, hangi jiidhinsa qilleensaa ol’aanaa akka ta’u ibseera. Kana waliin roobni Arfaasaa Itiyoophiyaa irra caalaan isaa ji’a Eebilaa keessa baay’inaa fi raabsa isaatiin ji’oota Arfaasaa lamaan caalaa jiidha ni qabaata. Haalli qilleensaa kun naannolee rooba Arfaasaan oomishan keessatti hojii qonnaaf haala mijataa ni uuma jedhamee eegama jechuun inistiitiyuutichi ibsa baaseen beeksiseera. Haalli qilleensaa jiidhinni walitti fufiinsaan jiru ji’a Bitootessaa keessa oomishtummaa midhaan Arfaasaa sadarkaa guddinaa adda addaa irra jiruuf iddoo guddaa qaba jedheera. Akkasumas qilleensi jiidhaan Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa irraa eegamu oomisha midhaanii, lafa dheedichaa fi dhiyeessii bishaanii naannoo walakkaa horsiisee bulaa kan akka Booranaa, Gujii fi kanneen kana fakkaatan keessatti murteessaa ta’uu himameera. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo Arfaasaa oyiruu isaanii qopheessuun haala jiidhinsa mijataa eegamutti akka fayyadaman dhaameera inistitiyuuchi. Inistiitiyuutichi naannoleen rooba gabaabaa ta’an haala gogiinsa walitti fufiinsa qabu kan sababa jijjiirama rooba Arfaasaatiin rooba uumamuu danda’u dandamachuuf jiidhina oyiruu keessa tursiisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qabanis hubachiiseera. Gama biraatiin, sigiga lafaa, dhiqama biyyee fi lolaa cimaa naannoo tokko tokkotti sababa rooba cimaatiin uumamuu malu irraa of eeggannoon akka taasifamu hubachiiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu qorannoodhaan deeggaramuu qaba
Mar 31, 2026 179
Bitootessa 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taasisaa jirtu dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo fi saayinsiidhaan deeggaruu akka qaban Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Siyyum Mokonnon ibsani. Fooramiin waliigalaa jalqabaa sirna jalqabsiisa Tarkaanfii Haala Qilleensaa Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Pilaanii fi Misoomaa obbo Siyyum Mokonnon, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii biyyaalessaa keessatti gahee tarsiimoo dhaabbileen barnoota olaanoo qabaachuu qaban dubbataniiru. Furmaata saayinsaawaa qopheessuun waliin hojjechuun akka isaan irraa eegamus hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarsiimoo dinagdee magariisaa haala qilleensaa dandamatu hojiirra oolchuurratti adda duree ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuu fi anniisaa haaromfamuu danda’u misoomsuu dabalatee hojiiwwan waggoota darban keessa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti galmaa’e Itiyoophiyaan Afrikaa fi Addunyaaf fakkeenya ta’uu agarsiisa jedhan. Dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo isaanii fi barruulee qorannoo fi barruulee barattoota digrii lammaffaa jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti xiyyeeffachuu qabu jedhani. Dabalataanis waltajjiin kun waltajjii hojii qindoominaa qaamolee imaammata baasanii fi dhaabbilee barnootaa cimsu ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa akka dhaabbata dhimma haala qilleensaa to’atutti qindoomina yunivarsiitiiwwan waliin eegale cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Yuunivarsiitiiwwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf furmaata saayinsaawaa maddisiisuu keessatti gahee guddaa qabu kan jedhan immoo eeggataa Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee dha. Akkasumas hojiiwwan misooma Ashaaraa magariisaa fi ijaarsa dandamachuu haala qilleensaa akka biyyaatti hojjetamaa jiran keessatti hirmaannaan yuunivarsiitiiwwan qaban ti’oorii irraa gara hojiitti jijjiiramuu akka qabus ibsaniiru. Waltajjichi hundeeffamuun jijjiirama qilleensaa furmaata barbaaduu keessatti milkaa’ina guddaa ta’uu ibsuun, tattaaffii akka biyyaatti jalqabame kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jira.
Mar 29, 2026 417
Bitootessa 20/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera. Waajjirichatti Ogeessi misooma bosonaa Obbo Guddataa Xuurii ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa soorataaf kan oolanii fi sanyiiwwan fuduraa akka keessatti argaman dubbataniiru. Baatiiwwan gannaa keessatti walumaagala lafa hektaara kuma 94 ol irratti sagantaan dhaabbii biqiltuu akka gaggeeffamu ibsuun; hojiin biqiltuu biqilchuu Aanaalee Godinichaa hunda keessatti kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachiseen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qophiin kun fayyadamummaa qonnaan bulaa itti fufinsa qabu mirkaneessuuf akka danda’uuf sanyiiwwan biqiltuu oomishtummaan isaanii ol’aanaa ta’ee fi fooyya’an irratti xiyyeeffannoo gochuusaanii eeraniiru. Sagantaalee 'Ashaaraa Magariisaa' waggoottan darbanitti raawwatamaniin bu’aawwan jajjabeessaan galmeeffamuu isaanii ibsuun, biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuu fi eeguurrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman naannoo (ecosystem) jijjiiruu keessatti gahee ol'aanaa taphachuu bira darbee, harawwan goganii turan deebi'anii bishaan akka qabatan gochuun qonnaan bulaaf haala mijeessuusaanii dubbataniiru. Waggoottan torban darban walii gala lafa hektaara kuma 616 fi 613 irratti biqiltuuwwan dhaabamuusaanii yaadachiisuun; hawaasni naannichaa aadaa bosona eeguu qabuun milkaa’ina misooma magariisaatiif gumaacha guddaa gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2563
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10730
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.