Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jira
Jun 18, 2026 485
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Dajanee Baqqalaa ENAtti himanitti,sagantaalee Asharaa Magariisaa kanaan dura hojjetamaniin bu’aaleen hedduu argamuu eeruun, jijjiirama qilleensaa ittisuu, biyyee fi bishaan kunuunsuu fi faayidaa dinagdee biroo galmaan ga’amaniiru jedhani. Sagantaan kun omishaafi oomishtummaa guddisuufis gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan. Bara 2015 keessa uwwisni bosona magaalattii dhibbeentaa 11 qofa akka ture eeruun, hojii hawaasa hirmaachisuun hojjetameen amma uwwisni bosona gara dhibbeentaa 21tti ol guddisuun akka danda’ame yaadachiisaniiru. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota fuduraalee haala qilleensa magaalichaaf mijatoo ta’aniif xiyyeeffannaan addaa akka kennames hubachiisaniiru. Haaluma kanaan biqiltuun firii kan akka appilii, avokaadoo, burtukaanaa fi loomii bal’inaan dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru. Walumaagalatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin lafa heektaara kuma 1 fi 200 ol irratti biqiltuu fuduraafi muduraa dhaabuuf hojiin qophii hojjetamaa jira jedhan. Waggoota darbanitti jiraattonni magaalichaa naannoo mana jireenyaa isaaniitti biqiltuu fuduraafi muduraa akka dhaabanii irraa fayyadamoo ta’an leenjiin walitti fufiinsa qabu kennamaa turuus eeraniiru. Yeroo ammaa kana hawaasni mootummaa waliin ta’uun qabiyyee mootummaa fi dhuunfaa irratti, akkasumas naannoo kuduraa fi muduraa fi miidhaginaaf mijatutti boolla dhaabbii qopheessuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Naannichatti inisheetiiviin misooma dammaa hojirra oolaa jiruun bu'aan abdachiisaan argamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise
Jun 18, 2026 355
Waxabajjii 11/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti inisheetiiviin misooma dammaa hojirra oolaa jiruun bu'aan abdachiisaan argamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksiseera. Biirichi Pirojektii hammataa fi fulla'aa misooma sona funcaalee wajjiin qindoomuun leenjii danddeettii raawwachiisummaa kennuun, meeshaalee oomisha dammaatiif oolan qonnaan bultoota adda duree godinoota Baaleefii Baalee Bahaatiif magaalaa Roobetti kennee jira. Saganticharratti kan argaman Biiroo Qonna Oromiyaatti qindeessaan innisheetiivii misooma dammaa Dr. Toleeraa Kumsa akka jedhanitti, Mootummaa naanichaa innisheetiivii misooma dammaa lafa qabsiisuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin hojjachaa jiraachuu dubbatan. Hojiilee misooma dammaa babal'isuuf baroottan dabran keessa hojjatameen gaagurri hammayyaa bara 2013 keessa kuma 47 hin caalle yeroo ammaatti gara miiliyoona 3 tuqaa 2 olguddisuu dandahamuu yaadachiisan. Fayyadamtoota oomisha dammaa kuma 50 irra turan gara kuma 640 ol guddisuu dandahamuus akeekan. Oomisha dammaa godinaalee naannichaa 15 keessatti oomishamaa jiruun meetriik toonii 179 irraan gahuun dandahamuus dubbatan. Sochii inisheetiivii misooma dammaa daran lafa qabsiisuun qonnaan bulaa damee kanarraa fayyadamaa taasisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin qindoominaan hojjachaa jiraachuu himuun; sochiin hojii pirojektii hammataa fi fulla'aa sona funcaalees qaamuma carraaqqii kanaa tahuu dubbatan. Biiroo Qonna Oromiyaatti Ogeessi Pirojektii hammataa fi fulla'aa misooma sona funcaalee Obbo Addisuu Sabsibee gama isaaniitiin, pirojektichi carraaqqii mootummaan inisheetivii dammaa milkeessuuf taasisaa jiru akka milkaa'uuf deeggarsa leenjii fi meeshaalee oomishtummaa dammaa dabalan qonnaan bultootaaf taasisaa jiraachuu dubbatan. Meeshaaleen qonnaan bultoota fi waldaalee aanaalee godinoota lamaanii filatamaniif taasifaman keessaa gaagura ammayyaa 50, meeshaalee qulqullina dammaa eeguuf oolan gosa 10 tilmaama birrii kuma 700 ol baasuuun raabsames kanuma bu'ura godhachuu akeekan. Pirojektichi deeggarsa misoomaafii walitti hidhamiinsa waldaalee,Yuuniyeenotaafii qonnaan bultootaarrattis xiyyeeffannoon kan hojjatu ta'uus Obbo Addisuun himan. Waajjira Qonnaa Godina Baaleetti Ogeessi misooma dammaa Obbo Lataa Itichaa gama isaaniitiin, godinichatti gaagurra hammayyaa kuma 85 ol raabsuun dandahamuu dubbatan. Godinichatti gaagura dammaa dhiheenna raabsamaniif isaan duraan jiran irraa bara kana qofa damma toonii kuma 11 ol oomishuun dandahamuus dubbatan. Qonnaan bultoonni leenjiifi deeggarsa meeshaalee qulqullina misoomaa dammaatiif oolan argatan hojii gama kanaan hojjataa turan hammayyeessuun daran bu'a qabeessa ta'uuf waan isaan qarqaaruuf galateeffatan.
Tajaajilli Tola Ooltummaa Gannaa namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun dabalatatti misooma biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba
Jun 18, 2026 383
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka himanitti, tajaajilli tola ooltummaa Gannaa kun namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun cinatti, guddina biyyaalessaa saffisiisuun, akkasumas namoota gidduutti walitti dhufeenya hawaasummaa cimaa uumuun faayidaa qaba jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tajaajila tola ooltummaa Ganna baranaa naannoo Oromiyaa Godina Kibba Lixa Shawaa aanaa Goorootti har’a ifatti eegalchiisaniiru. Ministirri Muummee sirna jalqabsiisa kanarratti akka himanitti, tajaajilli tola ooltummaa Gannaa lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun dabalatatti guddina biyyaalessaa saffisiisuun, akkasumas namoota gidduutti walitti dhufeenya hawaasummaa cimaa uumuudhaan faayidaa guddaa qaba jedhan. Tajaajilli tola ooltummaa Gannaa kun irra caalaa suphaa, haaromsuu fi ijaarsa manneen haaraa namoota rakkoof saaxilamoo fi carraa hin qabneef kan hammatu ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, biqiltuu fuduraalee fi muduraa dhaabuun hojiiwwan eegumsa naannoo xiyyeeffannoo guddaadhaan kan raawwataman ta’uu ibsaniiru. Hojiilee humna hawaasaan ijaaraman,daandiiwwan baadiyyaa, riqicha gandoota wal quunnamsiisu, manneen qorichaa fi keellaawwan fayyaa ta’uu dubataniiru. Waggoota shanii hanga jaha darban keessatti manneen barnootaa daa’immanii gara kuma 35 ta’an tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramuun daa’imman miliyoona 4 ol fayyadamoo ta’uu eeraniiru. Kunis daa’imman gara mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti osoo hin ce’iin dura beekumsa bu’uuraa, aadaa fi hariiroon hawaasummaa akka guddatuu fi sadarkaa barnoota addaan kutuu hir’isuuf gumaacha guddaa taasisaa jira jedhan. Badhaadhinni biyyattii baajata mootummaa fi dandeettii faayinaansii qofaan mirkanaa'uu akka hin dandeenyes Ministirri Muummee ibsaniiru. Badhaadhinni kan mirkanaa'u humni, qabeenyaafi beekumsi ummataa karoora mootummaa waliin walsimsiisuun yeroo itti fayyadamuu danda'amu ta'uu eeruun, haala kanaan rakkoolee hedduu hiikuun akka danda'amu ibsaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa Gannaa sochii biyyaalessaa guddaa namoota miliyoona 20 hanga 30 kan hirmaachisu ta’uu eeruun Ministirri Muummee, dargaggoonni carraa kanatti fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Dargaggoonnis aadaa,safuufi seenaa barsiisuun barnoota dabalataa kennuun lammiilee cinaa dhaabachuu akka qaban dhaamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Mariisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaaf leenjiin hubannoo fi ogummaa kennamuu eegale
Jun 18, 2026 634
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa marisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaatiif leenjii hubannoo fi ogummaa kennuu eegaleera. Leenjiin mariisistootaaf kennamu kun Finfinneetti gaggeeffamaa jiru kun Waxabajjii 11 hanga 17, 2018tti guyyoota torbaaf akka turu gabaafameera. Baniinsa leenjichaa irratti argamuun akka ibsanitti Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa sagantaan leenjii kun imala Itiyoophiyaan garaagarummaa jiru mariin, iftoominaa fi waliigalteen itti furamu ijaaruuf taasiftuuf milkaa’ina guddaa fi boqonnaa biraati jedhani. Mariisistoonni itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa kana amanamummaadhaan kan baatan imaanaa ta’uu hubachiisuun, namoota seenaa hojjetan waliin ta’uun egeree hawaasummaa, ummataa fi dimokiraatawaa biyyattii ijaaran ta’anii of ilaaluu akka qabanis dhaamaniiru. Leenjiin kun hirmaattonni beekumsa, dandeettii fi duudhaalee marii ulfina lammii Itiyoophiyaa hunda kabaju hoogganuu fi hawwii waloo nagaa, haqaa fi tokkummaa isaanii galmaan ga’uuf isaan dandeessisu akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Hirmaattonni hundinuu yeroo konfiraansii kanaa dubbachuu fi hirmaachuuf carraa walqixa akka argatan gochuu, waliigaltee dhabuu yeroo marii uumamu sirnaan bulchuu, akkasumas mariin kun hubannoo walootti akka geessu karaa agarsiisuutu irraa eegama. Akkasumas hirmaattonni imaanaa sabaa guddaa kana namuusaan, loogii malee fi obsaan akka raawwatan dhaamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuun eegale cimsinee itti fufna - paartilee siyaasaa
Jun 16, 2026 2290
Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Miseensonni mana maree waloo paartilee siyaasaa Naannoo Hararii hojiiwwan misooma biyyaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuu cimsanii akka itti fufan beeksisan. Haalaa bu'ura seeraa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa itti hundaa'een, dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa fi naannoo irratti garaagarummaa jiru mariidhaan furuun, ajandaawwan waloo irratti waliin hojjechuun ijaarsa sirna dimokiraasii ta’ee fudhatama. Haaluma wal fakkaatuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Harariis dhimma misoomaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa irratti ejjennoo waloo calaqqisiisuunsaa, naannichatti aadaa siyaasaa fayyaalessaa fi walitti dhihaatu guddisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf agarsiistuu dha. Miseensota mana maree waloo keessaa bakka bu'aan Dhaabbata Dimookraasii Hararii (HADIID) Obbo Huseen Suleeymaan akka jedhanitti; paartilee gidduu garaagarummaan ilaalchaa yoo jiraates, misooma biyyaa fi naannoo akkasumas nageenyaaf hojiiwwan bifa tumsaatiin raawwatamaa jiran cimsanii akka ittifufan ibsaniiru. Keessattuu, carraaqqii gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii sirrii akka argatuuf tattaaffii taassifamuu fi pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa biroo irratti ejjennoo wal fakkaataa kan qaban ta'uu isaanii Obbo Huseen cimsanii ibsaniiru. Humnoota nageenya biyyaa booressuu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf gurmaa'anii socho'an paartiin isaanii dammaqinnaan hordofaa akka jiru kan eeran Obbo Huseen; humnoota kanneen ummata waliin ta'uun kutannoodhaan akka irratti qabsaa’an beeksisaniiru. Walitti qabaan Mana maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi bakka bu'aan Paartii tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hasannat Mummee gama isaaniitiin paartiin isaanii misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dursa kan kennuu fi gochawwan biyya diiganirratti kan qabsa’anidha. Nagaya fi misooma waaraa biyyaatiif garaagarummaa malee qindoominaan ni hojjanna, kan jedhan Aadde Hasanat, keessattuu hojii humnoota finxaaleyyii kan biyyaaf yaaddoo ta'an manni marichi dammaqinnaan hordofaa fi ejjennootiin kan qabsaoo ta'uusaanii dubbataniiru. Naannichatti paartilee dorgomtoota socho'an waliin walitti dhufuun fi mari'achuun misooma waaraa, nageenyaa fi guddina hunda galeessa naannichaa irratti paartiin isaanii qindoominaan hojjechaa jira kan jedhan immoo miseensa mana maree waloo fi bakka bu'aa EZEMA Maatileet Zawuduu ti. Humnoonni biyya jeequu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf yaalan taateewwan darbe irraa kan hin barannee fi uummataaf kan hin yaadne ta'uu eeruun gocha kana irraa akka of qusatanii fi mariin walitti dhihaatanii dantaa uummataa mirkaneessuuf waliin hojjechuun akka irra jiru dubbataniiru. Naannichatti yeroo kamiyyuu caalaa dameewwan misoomaa adda addaa fi hojiiwwan dantaa biyyaa kabachiisan irratti garaagarummaa siyaasaa dhiisuun waliin hojjetamaa jira kan jedhan immoo, Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararitti Daarektara Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Hasan Abdiiti. Misoomaa fi nageenya naannichaa mirkaneessuun biyyattii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf hojii eegalame cimsanii akka itti fufanis dabalanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu dha
Jun 15, 2026 2473
Waxabajjii 8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu ta'uu Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ibsan. Itiyoophiyaan caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa dhabileen Ardii fi Riijinii kanneen akka Gamtaa Afriikaa (AU) fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannoo walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa mirkaneessan gaggeessuun ishee ni yaadatama. Tajjabdoonni biyya keessaas filannoo kanaan keessatti kan hirmaatan yoo ta'u, mana maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa dhaabbilee 55 of keessatti qabatu, filannoon walii galaa 7ffaan hirmaachisaa, walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa taajjabuusaanii ibseera. Boordiin Filannoo biyyaalessa Itiyoophiyaa, dhaabbileen nageenyaa, haqaa fi dimookiraasii filannichi loogiirraa bilisaa fi dandeettii dhaabbataan/gahumsa/ akka gaggeeffamu gochuu isaanii taajjabuu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ENA waliin turtii taasisaniin, Ummatni fi Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo guutuu milkaa'aa ta'e gaggeessuu isaanii ibsaniiru. Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad filannoon dura filannoo hirmaachisaa ta'e gaggeessuuf haala waadaa galaniin, mootummaan dimokiraasummaa filannichaaf qophii duraa irraa kaasee haala mijeessuusaa dinqisiifataniiru. Filannicha Itiyoophiyaanonni hedduun sagalee isaanii kan kennan, hirmaannaa ho’aan dubartootaa fi dargaggootaa kan itti mul'ate ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen akka Gamtaa Afriikaa fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannichi nageenyaa fi haqa qabeessa ta'uu mirkaneessuun isaanii dimokiraatawaa ta'uu isaa kan agarsiisu ta’uu raajeffachuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan galmee kaadhimamtootaa fi filattootaa irraa kaasee teknoolojiidhaan deeggaramee, filannoo walaba, nagayaafi dimokiraatawaa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuu dandeeyseettijedhaniiru. Dhumarratti Ambaasaddarichi , dhimmi Afriikaa Afriikaanotaan furamuu qaba, jechuun kanaafis, filannoo Itiyoophiyaa keessatti taajjabdoonni Gamtaa Afriikaa fi IGAD bobba'uun isaanii agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif Deeggarsa taasisu cimsee itti fufa
Jun 12, 2026 4626
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyaalessaa nageenyi isaa mirkanaa’e fi sirna dimokiraasii cimaa ijaaruuf murteessaa ta’e, milkaa’ina isaaf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhan walitti qabaan Mana Marichaa obbo Salamoon Ayyalaa. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa Labsii Lakk. 1265/2014’n kan hundaa’e yoo ta’u, nageenya waaraa biyyattii keessatti buusuuf hojjechaa jira. Hanga ammaatti aanaa irraa eegalee hawaasa guutuu, paartilee siyaasaa, waldaalee siivikii, hayyootaa fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun hojii ijaarsa ajandaa bal’aa raawwateera. Dhaabbatichi yeroo ammaa kana ajandaawwan qindaa’an kanaan gara marsaa barbaachisaa itti aanutti ce’uuf, yeroo dhiyootti konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf qophii xumuraa isaa xumuree jira. Walitti qabaan Mana Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa obbo Solomoon Ayyalaa marii biyyaalessaa eegalame waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi misooma mirkaneessuu keessatti gahee addaa qaba jedhan. Biyyattiin gufuuwwan jaarraa hedduuf turan irraa gara misoomaa marsaa haaraatti ce’uuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu hubachiisuun, kanaaf filannoo guddaa fi amanamaa ta’uu akeekaniiru. Manni Maree Waliinii adeemsa marii kanarratti dammaqinaan hirmaachuu bira darbee ajandaawwan biyyaalessaa paartilee siyaasaa irraa walitti qabaman marsaa lamatti Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu isaa himaniiru. Rakkooleen yeroo dheeraaf Itiyoophiyaanota gidduutti waliigaltee dhabuu uume, konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha, kan yeroo dhiyootti ni gaggeeffama jedhamee eegamu irratti, dhaabbataadhaan akka furamu amantaa guutuu akka qabanis ibsaniiru. Filannoo waliigalaa bara 2018 fi milkaa’ina marii biyyaalessaa hordofuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa karoora addaatiin hundeeffamuu isaa kan ibsan obbo Salamoon, komishinichi itti gaafatamummaa guddaadhaan sadarkaa kanarra ga’uu isaatiif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Paartileen walitti dhufeenya hojii dhiyeenyaa fi itti gaafatamummaa biyyaalessaa komishinicha waliin qaban cimsanii akka itti fufan kan akeekan yoo ta’u, yeroo murteessaa kanatti hubannoo waloo bu’uura kaa’uuf carraa ta’uu hubachiisaniiru. Akkasumas, Manni Maree Waloo adeemsa biyyaalessaa seena qabeessaa fi abdachiisaa ta’e kana dammaqinaan deeggaruun, biyyattiin siyaasa hirmaachisaa hin taane hudhee biyya qabaa kan ture irraa gara marsaa haaraa tasgabbii fi ijaarsa sirna dimokiraasiitti akka ceetuuf gumaacha taasisa jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA  
Pirezidaanti Taayye Atsqasillaasee Ambaasaddaroota biyyoota lamaan yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessan
Jun 10, 2026 5546
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Pirezidantiin Riippabilika Dimookiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayye Atsqasillaasee, ambaasaddara Luksembargi Itiyoophiyaa turan ZyaanKiraawuzarii fi ambaasaddora Emireetota Araba Gamtoomanii Mohaammad Saaleem Alraashiidii hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru. Hariiroon dippilomaasii firii qabeessaa fi milkaa'aan biyyoota kanneen gidduu jiru cimee akka ittifufu ibsameera. Ambaasaddarri Luksembargi Itiyoophiyaatti turan ZyaanKiraawuzari yaada isaanii ENA’f kennan, yeroo turtiisaaniitti hojiiwwan tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsan hojjechuusaanii dubbataniiru. Hojiiwwan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Luksembarg gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjetamanis milkaa'aa akka turan kaasaniiru. Kanaanis, sagantaa leenjii dandeettii ogummaawwan faayinaansii fi dinagdee gabbisu qopheessuun, biyyoota lamaan gidduutti wal-jijjiiraan muuxannoo bu'a qabeessi taasifamuu isaa ibsaniiru. Michummaan cimaan biyyoota lamaanii gara fuulduraattis dameewwan tumsa dinagdee magariisaa fi misooma faayinaansiitiin cimee akka ittifufu amantaa qaban ibsaniiru. Fooyya'iinsi dinagdee gooroo Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo kaampaaniwwan Luksembargi hawwachuun abdii guddaa kan kennu ta'uus dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Luksembargis adeemsa jijjiirama carraawwan gabaa fi invesitimentii Itiyoophiyaa ilaaluun hirmaannaa isaanii akka guddisan dhaamsa dabarsaniiru.

Hawaasummaa
Tajaajilli Tola Ooltummaa Gannaa namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun dabalatatti misooma biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba
Jun 18, 2026 383
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka himanitti, tajaajilli tola ooltummaa Gannaa kun namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun cinatti, guddina biyyaalessaa saffisiisuun, akkasumas namoota gidduutti walitti dhufeenya hawaasummaa cimaa uumuun faayidaa qaba jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tajaajila tola ooltummaa Ganna baranaa naannoo Oromiyaa Godina Kibba Lixa Shawaa aanaa Goorootti har’a ifatti eegalchiisaniiru. Ministirri Muummee sirna jalqabsiisa kanarratti akka himanitti, tajaajilli tola ooltummaa Gannaa lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun dabalatatti guddina biyyaalessaa saffisiisuun, akkasumas namoota gidduutti walitti dhufeenya hawaasummaa cimaa uumuudhaan faayidaa guddaa qaba jedhan. Tajaajilli tola ooltummaa Gannaa kun irra caalaa suphaa, haaromsuu fi ijaarsa manneen haaraa namoota rakkoof saaxilamoo fi carraa hin qabneef kan hammatu ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, biqiltuu fuduraalee fi muduraa dhaabuun hojiiwwan eegumsa naannoo xiyyeeffannoo guddaadhaan kan raawwataman ta’uu ibsaniiru. Hojiilee humna hawaasaan ijaaraman,daandiiwwan baadiyyaa, riqicha gandoota wal quunnamsiisu, manneen qorichaa fi keellaawwan fayyaa ta’uu dubataniiru. Waggoota shanii hanga jaha darban keessatti manneen barnootaa daa’immanii gara kuma 35 ta’an tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramuun daa’imman miliyoona 4 ol fayyadamoo ta’uu eeraniiru. Kunis daa’imman gara mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti osoo hin ce’iin dura beekumsa bu’uuraa, aadaa fi hariiroon hawaasummaa akka guddatuu fi sadarkaa barnoota addaan kutuu hir’isuuf gumaacha guddaa taasisaa jira jedhan. Badhaadhinni biyyattii baajata mootummaa fi dandeettii faayinaansii qofaan mirkanaa'uu akka hin dandeenyes Ministirri Muummee ibsaniiru. Badhaadhinni kan mirkanaa'u humni, qabeenyaafi beekumsi ummataa karoora mootummaa waliin walsimsiisuun yeroo itti fayyadamuu danda'amu ta'uu eeruun, haala kanaan rakkoolee hedduu hiikuun akka danda'amu ibsaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa Gannaa sochii biyyaalessaa guddaa namoota miliyoona 20 hanga 30 kan hirmaachisu ta’uu eeruun Ministirri Muummee, dargaggoonni carraa kanatti fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Dargaggoonnis aadaa,safuufi seenaa barsiisuun barnoota dabalataa kennuun lammiilee cinaa dhaabachuu akka qaban dhaamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Diinagdee
Naannichatti inisheetiiviin misooma dammaa hojirra oolaa jiruun bu'aan abdachiisaan argamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise
Jun 18, 2026 355
Waxabajjii 11/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti inisheetiiviin misooma dammaa hojirra oolaa jiruun bu'aan abdachiisaan argamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksiseera. Biirichi Pirojektii hammataa fi fulla'aa misooma sona funcaalee wajjiin qindoomuun leenjii danddeettii raawwachiisummaa kennuun, meeshaalee oomisha dammaatiif oolan qonnaan bultoota adda duree godinoota Baaleefii Baalee Bahaatiif magaalaa Roobetti kennee jira. Saganticharratti kan argaman Biiroo Qonna Oromiyaatti qindeessaan innisheetiivii misooma dammaa Dr. Toleeraa Kumsa akka jedhanitti, Mootummaa naanichaa innisheetiivii misooma dammaa lafa qabsiisuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin hojjachaa jiraachuu dubbatan. Hojiilee misooma dammaa babal'isuuf baroottan dabran keessa hojjatameen gaagurri hammayyaa bara 2013 keessa kuma 47 hin caalle yeroo ammaatti gara miiliyoona 3 tuqaa 2 olguddisuu dandahamuu yaadachiisan. Fayyadamtoota oomisha dammaa kuma 50 irra turan gara kuma 640 ol guddisuu dandahamuus akeekan. Oomisha dammaa godinaalee naannichaa 15 keessatti oomishamaa jiruun meetriik toonii 179 irraan gahuun dandahamuus dubbatan. Sochii inisheetiivii misooma dammaa daran lafa qabsiisuun qonnaan bulaa damee kanarraa fayyadamaa taasisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin qindoominaan hojjachaa jiraachuu himuun; sochiin hojii pirojektii hammataa fi fulla'aa sona funcaalees qaamuma carraaqqii kanaa tahuu dubbatan. Biiroo Qonna Oromiyaatti Ogeessi Pirojektii hammataa fi fulla'aa misooma sona funcaalee Obbo Addisuu Sabsibee gama isaaniitiin, pirojektichi carraaqqii mootummaan inisheetivii dammaa milkeessuuf taasisaa jiru akka milkaa'uuf deeggarsa leenjii fi meeshaalee oomishtummaa dammaa dabalan qonnaan bultootaaf taasisaa jiraachuu dubbatan. Meeshaaleen qonnaan bultoota fi waldaalee aanaalee godinoota lamaanii filatamaniif taasifaman keessaa gaagura ammayyaa 50, meeshaalee qulqullina dammaa eeguuf oolan gosa 10 tilmaama birrii kuma 700 ol baasuuun raabsames kanuma bu'ura godhachuu akeekan. Pirojektichi deeggarsa misoomaafii walitti hidhamiinsa waldaalee,Yuuniyeenotaafii qonnaan bultootaarrattis xiyyeeffannoon kan hojjatu ta'uus Obbo Addisuun himan. Waajjira Qonnaa Godina Baaleetti Ogeessi misooma dammaa Obbo Lataa Itichaa gama isaaniitiin, godinichatti gaagurra hammayyaa kuma 85 ol raabsuun dandahamuu dubbatan. Godinichatti gaagura dammaa dhiheenna raabsamaniif isaan duraan jiran irraa bara kana qofa damma toonii kuma 11 ol oomishuun dandahamuus dubbatan. Qonnaan bultoonni leenjiifi deeggarsa meeshaalee qulqullina misoomaa dammaatiif oolan argatan hojii gama kanaan hojjataa turan hammayyeessuun daran bu'a qabeessa ta'uuf waan isaan qarqaaruuf galateeffatan.
Godina Jimmaatti dargaggoonni maaddii guutuurratti hirmaatan bu’aa argachaa jiru
Jun 18, 2026 238
Waxabajjii 11/2018(NA)- Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti dargaggoonni maaddii guutuurratti hirmaatan bu’aa argachaa akka jiran dubbatan. Guyyaa sagantaan maaddii guutuun eegalamee kaasee lammiileen godina Jimmaa hedduun fayyadamoo akka ta’an ibsameera. Godina Jimmaa aanaa Cooraa Botor kan jiraatan dargaggoo Ashannaafii Baagiiddoo fi hiriyoonnisaa gurmaa’anii lukkuu horsiisuun bu’aa argataniiru. Deeggarsa mootummaan isaanii godheen sagantaa maaddii guutuu jalatti lukkuu horsiisaa kan jiran dargaggoonni kun yeroo ammaa guyyaatti hanqaaquu kuma 1 ol gabaaf dhiheessaa akka jiran dargaggoo Ashannaafii ibseera. Marsaa jalqabaa qofaan yeroo gabaabaa keessatti birri kuma 100 ol qusachuusaanii ibsaniiru. Jiraataan aanichaa dargaggoo Abdullaaqii Adam muuzii oomishuudhaan akka milkaa’e dubbateera. Sanyii muuzii fooyya’aa ogeeyyiin qonnaa dhiheessaniif akkasumas gorsa ogeeyyiitti gargaaramuun oomisha gabaaf dhiheessaa akka jiru dubbateera. Galii argatuun maatii bulfachuurra darbee dargaggoota naannawaaf carraa hojii dabalataa uumuusaa ibseera. Dargaggoo Huseen Abbaaduraa fi hiriyaansaa aanaa Limmuu Kossaatti barana loon gabbisanii bu’aa argachaa akka jiran dubbatu. Carraa hojii bulchiinsi magaalaa nuuf uumeen ofirra darbinee namoota biroofillee carraa hojii uumneerra jedhaniiru. Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Jimmaa Tiijaanii Tamaam akka ibsanitti, fayyadamtoonni maaddii guutuu godinichatti wagga waggaan dabalaa dhufaniiru. Horsiifni qurxummii fi loonii, kanniisa horsiisuun, kuduraa fi muduraan akkasumas horsiifni lukkuu dameelee ijoo sagantichaati jedhaniiru. Barana godinichatti namoota kuma 314 maaddii guutuutti akka hirmaatan karoorfamee karooraa ol namoota kuma 339 caalan fayyadamoo taasisuun akka danda’ame ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaa Godina Wallaga Lixaatti Misooma muduraa babal’isuun faayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira
Jun 18, 2026 198
Waxabajjii 11/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Wallaga lixaatti misooma bunaa cinaatti misooma muduraa babal’isuun faayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jiru Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise. Godinichatti bara baajataa kanaan muduraa kuntaalli miiliyoona 2 tuqaa3 ol walitti qabamuun ibsameera.   Waajjirichatti ogeessi misooma muduraa Obbo Jibriil Mangee akka jedhanitti, godinichi misooma bunaa bal’inaan beekamu cinaatti, misooma muduraatiin faayidaa qonnaan bulaa mirkaneessuu kan dandeessisan hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiru. Misoomni muduraa waggoottan dhiyoo asitti hojiirra oole aadaa hojii qonnaan bulaa jijjiiruu keessatti bu’aa abdachiisaa fiduu isaas dubbataniiru. Misoomichi wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna soorataa fooyyessuu keessatti gahee guddaa akka qabu eeranii; kanaan walqabatee sochiin sadarkaa sadarkaan taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.   Yeroo ammaa kanatti lafti hektaara kuma 41 ta'u oomisha muduraa kennuu danda'u sadarkaa dandeessisurra kan gahe yoo ta'u, kanaanis oomishni muduraa kuntaalii miiliyoona 2 fi kuma 399 fi 710 walitti qabamee gabaaf dhiyaateera jedhaniiru. Oomishaalee muduraa gabaaf dhiyaatan keessaa Ananaasii, Muzii, Maangoo, avokaadoo, paappaayaa fi burtukaanni isaan ijoo akka ta'an ibsuun; keessattuu oomishni avokaadoo fooyya'aan gabaa alaatiif kan dhiyaatu waan ta'eef, faayidaan qonnaan bulaa naannichaa guddachaa dhufuu isaa dubbataniiru. Bara kanas faayidaa qonnaan bulaa caalaatti guddisuuf misoomicha sagantaa Ashaaraa Magariisaa waliin qindeessuun biqiltuuwwan muduraa baay'inaa fi qulqullinaan dhabbiif qophaa’aa jiraachuun ibsameera. Qonnaan-bulaan Aanaa Laalloo Asaabii misooma kana keessatti hirmaatan Taarraqaa Jireenyaa, kanaan dura jireenyaa fi galii isaanii misooma bunaa qofa irratti hirkataa akka turan yaadachiisaniiru. Keessattuu, mootummaan biqiltuu muduraa fi sanyii filatamaa mijeesseefitti fayyadamanii hojii kanaatti seenuu fi bu'aa qabeessa ta'uu isaanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kanatti qabiyyee lafa isaanii irratti Muzii, Avokaadoo fi Ananaasii misoomsuun waggatti galii gaarii argachaa akka jiran dubbataniiru. Qonnaan bulaan Aanaa Hoomaa kan biraan Garramuu Jiruu gama isaaniitiin giddugala qorannoo qonnaarraa sanyii muzii fooyya'aa bahe misoomsuun fayyadamaa ta'uu isaanii ibsaniiru. Oomishicha gabaa naannichaatiif dhiyeessuun marsaa tokkoon hanga qarshii kuma 30 galii argachaa akka jiran eeranii; gara fuulduraattis misoomicha cimsuun avokaadoo fi muzii bal'inaan misoomsuuf karoorfachuu isaanii beeksisaniiru.
Misoomni koridaraa miidhagina Dirree Dhawaa dhokatee ture mul’isuun magaalittii wiirtuu daldalaa fi mana jireenyaaf filatamtuu taasiseera
Jun 18, 2026 182
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Misoomni koridaraa miidhagina Dirree Dhawaa dhokatee ture mul’isuun magaalittii wiirtuu daldalaa fi mana jireenyaaf filatamtuu taasiseera jedhan hoggantoonni magaalittii fi jiraattonni ENA’n dubbise.   Magaalaa Dirree Dhawaatti kan argaman ijaarsi gamoowwan durii, ijaarsi addaa ogummaan ijaaramanii fi aadaan uummata ishee hawwata turizimii ta'uun beekama. Misoomni koridaraa kun yeroo ammaa magaalota gurguddoo biyyattii keessatti xiyyeeffannoo addaa mootummaatiin hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, bifa magaalattii ammayyeessuun, daandiiwwan ishee babal’isuu fi jiraattotaaf haala mijataa uumuun jijjiirama guddaa fidaa jira. Misoomni koridarii kun eenyummaa seenaa Dirree Dhawaa kunuunsuun damee invastimantii fi turizimiitiif kaka’umsa haaraa uumuu akka danda’e hoggantoonni naannoo fi jiraattonni ibsaniiru. Misoomni koridarii kallattii shaniin gaggeeffame bifaafi bareedina magaalichaa guddiseera jedhan Waajjira Pirojektii Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Qindeessaan Misooma Koridarii obbo Wondasan Janbaree. Hojiileen misooma koriidaraa haala Hambaalee fi qabeenya seenaa magaalattii giddugala godhachuun waan hojjetamaniif, magaalattiin wiirtuu jireenyaa fi hojiif mijattuu akka taatu taasiseera jedhani. Daandiiwwan ammayyaa, wiirtuuwwan bashannanaa fi bu’uuraaleen misoomaa biroo misooma koridarii keessatti hammatamanis Dirree Dhawaa caalaatti bakka invastimantii taasisuu isaanii ibsaniiru.   Itti Aantuun Hoggantuun Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Bulchiinsaa Aadde Naayimaa Ibraahim akka jedhanitti, misoomni koridarii kun qabeenya namtolchee fi uumamaa iddoo turizimii ta'e daran guddiseera. Keessattuu, misoomni kun buufata baaburaa seena qabeessa magaalaa Dirree Dhawaaf bu'uura kaa'ee fi bakka gahumsa turistii ta'ee tajaajilaa jiru waliin qindeessuun ijaarame kun hambaa kana tuuristootaaf hawwataa taasisaa jira. Bakkeewwan turizimii bira darbee jiraattota sochii diinagdee waliin walitti hidhuu fi cimsuuf haala mijataa uumeera jedhan. Sheek Abdoo Umer gama isaaniin akka himanitti, misoomni koridarii kun miidhagina Dirree Dhawaa dhokatee ture mul’isuun jiraattotaaf gamachuu uumeemera jedhani.   Jiraataan biraa obbo Habtaamuu Asaffaa akka himanitti, misoomni koridarii kun daandii asfaaltii, daandii miilaa fi biskileetii magaalittii babal’isuun, dhiphina tiraafikaa fi balaa hir’isuun gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan.   Keessattuu iddoowwan bashannanaa fi magariisaa uumaman fedhii maanguddootaa fi daa’immaniif deebii kan kennan yoo ta’u, walitti dhufeenya hawaasummaa akka guddisan dubbataniiru. Bulchiinsi magaalichaa hojiiwwan misooma koridarii hojjechaa jiruun, dabalataan dhaabbileen dhuunfaa birrii biliyoona tokkoo oliin magaalittii hojii magaalittii miidhagsuufi haaromsuu irratti hirmaachaa jiraachuu odeeffannoon Waajjira Pirojektii fi Misooma Koridarii bulchiinsa magaalichaa irraa argame ni mul’isa.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Yunvarsitichi omishtummaa guddisuuf teekinooloojiiwwan qonnaa hawaasaaf dhaqqabsiisaa jira
Jun 17, 2026 1317
Waxabajjii 10/2018 (ENA)- Yunivarsiitiin Arsii omishtummaa guddisuuf teekinoolojiiwwan qonnaa dhaqqabamaa gochuun fayyadamummaa hawaasaatiif xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru beeksise. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Arsii Dr.Fiqaaduu Mitikuu ENA’f akka ibsanitti; Yunivarsiitichi omishtummaa guddisuuf teekinoolojiiwwan qonnaaf gargaaran dhaqqabamaa gochuun fayyadamummaa hawaasaatiif hojjechaa jira. Keessattuu Yunvarsiitichi sagantaa maaddii guutuu milkeessuuf tajaajila ekisteenshinii qonnaa qotee bulaaf dhaqqabsiisuu irratti hojjechaa jira jedhanii jiru. Kanaanis dargaggoota hojii dhabeyyii fi qotee bultootaaf cuuciiwwan lukkuu dhiyeessuun fayyadamaa gochaa akka jiru eeranii, humna isaatiin cuuciiwwan lukkuu hawaasaaf dhaqqabamaa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Dabalataanis, Yunivarsiitichi lukkuuwan kuma 3 ol galchuun hanqaaquu kuma 40tti dhiyaatu gabaaf dhiyeessaa akka jiru hubachiisaniiru. Sanyii saawwan aannanii fooyya'an qonnaan bulaaf dhaqqabamaa gochuuf, sanyii kormaa hormaata gaarii qaban mala diqaalomsuutiin (artificial insemination) fayyadamummaa qotee bulaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis hojii sanyii beelladootaa fooyyessuu bu'a qabeessa gochuuf, warshaa nyaata horii qopheessu hundeessuun hojii gaarii hojjechaa jira jedhaniiru. Gama biraatiin, sanyiiwwan qamadii, xaafii fi Aajjaa omisha gaarii kennuu danda'an sadii qotee bulaaf dhaqqabamaa gochuu isaa ibsaniiru. Haaluma kanaan sanyii filatamaan kuntaala kuma 1 ol qonnaan bulaaf akka dhaqqabu taasifamuu kan ibsan pirezidaantichi, yeroo ammaa kanatti jallisii Bonaatiin lafa hektaara 12 irratti sanyiin filatamaan qamadii misoome walitti qabamaa jira jedhaniiru. Yunvarsiitichi tarsiimoo misooma qonnaa deeggaruuf hojiiwwan hojjechaa jiru malees, hawaasa fayyaalessa ijaaruuf carraaqqii taasifamu deeggaruuf hojjechaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.
Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen kitaabaa Itiyoophiyaa qabeenya barreeffamaa gara diijitaalaatti jijjiiruu eegale
Jun 16, 2026 990
Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa sirna mana kitaabaa ammayyaa diriirsuuf kan gargaaru, qabeenya barreeffamootaa gara diijitaalaatti jijjiiruun hojii isaa ifatti eegaleera. Marsaa jalqabaatiin fuulawwan miiliyoona 20 gara diijitaalaatti jijjiiruuf hojiin akka hojjetamu ibsameera. Sirna jalqabsiisa kana irratti Ministirri Innoveeshinii fi Teeknoolojii Dr. Balaxaa Mollaa, Ministira Aadaa fi Ispoortii Shawwit Shaankaa, Daarektara Tajaajila Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibihaatii fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru. Itiyoophiyaa ammayyaa uumuu fi dinagdee diijitaalaa guutuu ta'e dhugoomsuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, hojmaata waraqaa irraa gara diijitaalaatti ce'uu fi qabeenya seenaa gara kuusaa diijitaalaatti galchuun dhaloota dhufutti dabarsuu hojjetamaa jira jedhaniiru. Imalli tajaajilli mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa jalqabe kun qaama tarsimoo Diijitaala Itiyoophiyaa 2030 akka ta'ee fi fuuldurattis dameewwan hundaan cimmee akka itti fufu ministirittin kaasaniiru. Qabeenya biyyaa mana kitaabichaa keessatti argaman eeguu fi kunuunsuun dhaloota dhufutti dabarsuuf hojiin diijitaalaasheenii kun murteessaa ta'uu isaas ibsaniiru. Ministirri Aadaa fi Ispoortii Sheewit Shaankaa gama isaaniitiin, Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen kitaabaa Itiyoophiyaa wiirtuu seenaan, aadaanii fi eenyummaan biyyaa itti galmeeffamee jiru ta'uu ibsaniiru. Hojiin diijitaalaayizeeshinii jalqabame kun seenaa keenya dhaloota dhuftuuf amanamummaan dabarsuu fi namni barbaade hundi ragaa barbaadu salphaatti akka argatu kan dandeessisudha jedhan. Daarektarri Tajaajila Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibihaat, tajaajilichi waggoottan 83'n dabran keessatti ragaalee seenaa hedduu galmeessuu fi olkaa'uudhaan dhalootaaf dabarsaa turuu isaa yaadachiisaniiru. Hojiin qabeenya barreeffamaa gara diijitaalaatti jijjiiruu amma hojjetamaa jiru kun, qabeenya ragaa biyyattii walitti qabuu fi gurmeessuun dhaloota dhuftuuf dabarsuuf akka gargaaru dubbataniiru. Kunis namni kamiyyuu ragaalee karaa diijitaalaa salphaatti akka argatu carraa uuma jedhaniiru. Ragaaleen seenaa waraqaa irratti barreeffaman sababa yeroo dheerachuu fi hanqina qabiinsatiin akka hin badnee fi akka hin mancaane, eegumsa waaraa gochuuf kan dandeessisu ta'uu isaas dubbataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Jimmaa tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuurra darbee kaka’umsa hojii hojjettootaa guddiseera
Jun 15, 2026 1730
Waxabajjii 8/2018 (ENA) - Godina Jimmaatti wiirtuleen tajaajila bakka tokkoo masoob, hawaasaaf tajaajila ariifataa fi qulqullina qabu kennuu bira darbee, kaka'umsa hojii hojjettootaa guddisuunsaa ibsame. Wiirtuleen kunniin ogeeyyii dandeettii qabaniin gurmaa’uu fi hojimaata ammayyaa’aa hordofuun isaanii, hojjettootaafis ta'e tajaajilamtootaaf boqonnaa guddaa ta’uunsaa ibsameera. Ogeeyyiin Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Limmuu Gannat Riidaa Kamaalii fi Adaal Haayilemaariyaam akka jedhanitti, tajaajilli wiirtichatti hawaasaaf kennan kakka'umsa hojii isaanii akka dabale ibsaniiru. Wiirtichi teknoolojiidhaan kan gurmaa'e waan ta’eef ariitii tajaajila dabaluun olitti, yeroo qaalii hojjettootaa fi hawaasaa qusachuu dandeessiseera. Haaluma wal fakkaatuun, ogeeyyiin wiirtuu Jimmaa Abdulnuuraa Abbaatamaamii fi Samiiraa Hasan gama isaaniitiin, bakki hojii mijataan uumamuunsaa komii tajaajilamtootaa malee tajaajila ariifataa kennuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru. Godinichatti dhiyyeenya kana tajaajila kan jalqabe tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, Aanaa Oomoo Naaddaa Magaalaa Asandaaboo keessatti tajaajilaa kan jiran Maaramee Baqqalaa fi Anwaar Abbaadiiggaa, hawaasaaf dammaqinaa fi ciminaan tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru. Haalli hojii mijataan umamuun hojjettoonni osoo hin nuffiin murannoodhaan akka hojjetan gochuu isaa kan eeran ogeeyyiin kunniin, kanaanis rakkoon dhiyeessii tajaajilaa kan waggoota dheeraaf gaaffii uummataa ture guutummaatti furamuu isaa addeessaniiru. Wiirtuu kanatti tajaajila argachuuf kan dhufe Musxafaa Abdurahimaan gamasaaniin, naannoo isaaniitti wiirtuun ammayyaa akkasii banamuunsaa baay'ee akka isa gammachiise ibsee, gara wiirtichaa yeroon seenu jalqaba keessummummaa irraa kaasee simannaan ogeeyyii fi ariitiin isaanii gammachuu guddaa namaaf kenna, jedheera. Tajaajila Eeyyama konkolaachisummaa argachuuf kan dhufe ta’uu ibsuun Jamaal Abdurahmaan, Wiirtichi dhimma hundumaa caalaa hawaasatti kan dhiyaatee fi gaaffii waggoota dheeraaf tureef deebii kan kenne ta'u dubbateera. Jiraattuun magaalaa Jimmaa Beetemaqdas Amhaa tajaajila wiirtuu magaalichatti argamutti waraqaa dhalootaa baafachuuf kan dhufte yoo ta'u, tajaajila hundumaa wiirtuu tokko keessatti argachuu isheetiin gammaduu ishee ibsiteetti.   Itti Aanaa itti gaafatamaa fi Itti Gaafatamaan Damee Teknoolojii tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob, Magaalaa Jimmaa Jamaal Saalii, tajaajilli wiirtichatti kennamu tajaajilamaa qofaaf osoo hin taane hojjettootaafis madaala gammachuu ta'uu isaa ibsaniiru. Hawaasni yeroofi qarshiisaa qusatee tajaajila ariifataa argatee deebi'uu isaa fi tajaajila kennameen quufeen deebii gaarii inni kennu hojjetaaf kakka'umsa guddaa uumuusaa ibsaniiru.  
Haalli rooba gannaa guyyoota 10 dhufanii maal fakkaata
Jun 12, 2026 2279
Waxabajjii 5/2018(ENA)-Guyyoota kudhan itti aanan bakkeewwan rooba gannaa argatan, akkasumas kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti roobni xiqqaa hanga jiddugaleessaa akka eegamu inistiitiyuutiin mitiworoloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka hubachiisetti, haalli miitiwoorooloojii roobni akka uumamu godhan keessumaa kutaalee biyyattii walakkeessa lixaarratti cimina ni qabaatu. Sababa Kanaan haalli qilleensaa jiidhaan baay’inaanis ta’e tamsaasaan guyya guyyaan kutaalee biyyattii kibba lixaa, lixaa fi Kaaba lixaatti babl’achaa ni deema jedheera. Haala Kanaan rooba xiqqaa amma jiddugaleessaa akka argatan raagni kan mul’isu yoo ta’u kutaalee biyyattii jiddu galeessa, bahaa fi kibbatti rooba xiqqaa ni argatu jedheera. Guyyoota itti aanan cimina miitiwoorooloojiirraa ka’uun biyyattii bakkeewwa rooba gannaa argatanii fi kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti rooba xiqqaa amma jiddu galeessaa akka argatan ibseera. Dabalataanis miitiwoorooloojii darbee darbee qaamolee bishaanii fi qilleensa naannawaa keessatti ciman irraa ka’uun kibba lixaa fi lixa biyyattii rooba cimaa ni argatu jedheera. Humna aduu olaanaan wal qabatee keessumaa aduun guyyaa kutaa biyyattii Affaar, kibba bahaa, Kaaba, lixaa fi kibba lixaa tti digirii seelshiyeesii 32 amma 41 ol akka ta’u raagni jiru akka agarsiisu eereera. Ciidhi kun qonna gannaa, bakkeewwan midhaan Arfaasaa biqilchanitti haala mijataa uuma jedheera. Guyyoota kudhan dhufan sululoota biyyattii rooba gannaa fayyadamanitti bishaan lafa gubbaa xiqqaa amma guddaatti akka argatan ni eegama jedheera. Haala Kanaan Abbayyaan, Baaroo Akooboo gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Suululli qinxaabaa gara gubbaa sululoota Gannaalee Daawwaa bakka muraasatti bishaan lafa gubbaa jiddu galeessaa amma guddaatti ni argatu jedheera. Takazeen irra caalaan, Abbayya gara gubbaa fi gara gadii bakka xiqqaatti, Hawaas gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Baaroo Akooboon, Gannaalee Daawwaan, Waabee Shabalee fi sululoonni qinxaamaa bishaa lafa gubbaa xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan ibseera.
Ispoortii
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 689
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #  
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni  dandeettii  ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 1559
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jira
Jun 18, 2026 485
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Dajanee Baqqalaa ENAtti himanitti,sagantaalee Asharaa Magariisaa kanaan dura hojjetamaniin bu’aaleen hedduu argamuu eeruun, jijjiirama qilleensaa ittisuu, biyyee fi bishaan kunuunsuu fi faayidaa dinagdee biroo galmaan ga’amaniiru jedhani. Sagantaan kun omishaafi oomishtummaa guddisuufis gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan. Bara 2015 keessa uwwisni bosona magaalattii dhibbeentaa 11 qofa akka ture eeruun, hojii hawaasa hirmaachisuun hojjetameen amma uwwisni bosona gara dhibbeentaa 21tti ol guddisuun akka danda’ame yaadachiisaniiru. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota fuduraalee haala qilleensa magaalichaaf mijatoo ta’aniif xiyyeeffannaan addaa akka kennames hubachiisaniiru. Haaluma kanaan biqiltuun firii kan akka appilii, avokaadoo, burtukaanaa fi loomii bal’inaan dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru. Walumaagalatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin lafa heektaara kuma 1 fi 200 ol irratti biqiltuu fuduraafi muduraa dhaabuuf hojiin qophii hojjetamaa jira jedhan. Waggoota darbanitti jiraattonni magaalichaa naannoo mana jireenyaa isaaniitti biqiltuu fuduraafi muduraa akka dhaabanii irraa fayyadamoo ta’an leenjiin walitti fufiinsa qabu kennamaa turuus eeraniiru. Yeroo ammaa kana hawaasni mootummaa waliin ta’uun qabiyyee mootummaa fi dhuunfaa irratti, akkasumas naannoo kuduraa fi muduraa fi miidhaginaaf mijatutti boolla dhaabbii qopheessuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira
Jun 17, 2026 990
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira jedhan hoji gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu. Dhaabbanni Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii waliin ta’uun yeroo ammaa buufata chaarjii konkolaataa elektirikii guddaa Zoonii Diinagdee Addaa Qilinxoo keessatti ijaarame eebbisaa jira. Sagantaa kanarratti De’eetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Bara’oo Hasan, hoji gaggeessaan olaanaa dhaabbata elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramaa fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu buufanni chaarjii konkolaataa elektirikaa kan yeroo isaa eeggatee fi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kunis qaama imaammata diinagdee magariisaa Itiyoophiyaan hordofaa jirtu ta’uu hubachiisaniiru. Daandiin misooma magariisaa Itiyoophiyaa damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argachaa jiraachuus hubachiisaniiru. Kanneen keessaa tokko konkolaattota elektirikaa ta’uu ibsuun, gara fuulduraatti fedhii konkolaattota elektirikaa guutuuf buufataaleen chaarjii babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Buufatni chaarjii konkolaataa elektirikii har’a eebbifame tarkaanfii yeroo murteessaa ta’etti fudhatamedha jedhan. Kunis faalama qilleensaa kan dhabamsiisu ta’uun cinatti faayidaa olaanaa qaba jedhani. Dhaabbileen kunneen walitti dhufeenya cimaa akka qaban ibsuun; waliin hojjechuu isaaniis itti fufuu isaanii mirkaneessaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Ashaaraa magariisaatiin cichuunii fi jabaatanii hojjechuun gootummaa yeroon barbaadu
Jun 17, 2026 378
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun Bishooftuutti eegalchiisaniiru. Sagantaan kun birmadummaa fi badhaadhina kan mirkaneessu inisheetiiviibiyyaalessaa ta’uusaas wayita kana ibsaniiru. Kana malees kallattii misoomaa isa murteessaa birmadummaa bosonaa, midhaanii fi hunda galeessaati. Ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 8 kan qophaa’e yoo ta’u, egeree magariisaaf, hundi keenya abdii haa dhaabnu jechuun biyyaaf dhaamaniiru. • Inisheetiivii biqiltuu dhaabuun olitti faayidaa dacha qabu Biqiltuuwwan Inisheetiivii ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mandhalee, kuduraa fi muduraa faayidaa dinagdee qaban, mukeen miidhaginaaf oolan, lafti muka malee hafe akka bayyanatu kan gargaaranii fi baay’ina bosonaa guddisuun qilleensi naannawaa akka sirraa’u gumaacha olaanaa የgumaachaa jiran kan ittiin dhaabamanidha. Adeemsa Kanaan biyyoon dhiqamu hir’ateera, balaan lolaa hir’ateera, lubbu qabeeyyiin manca’aa jira hir’ateera, lafti qullaattihafaa jiru hir’ateera, qaamni bishaanii lolaan guutamuu fi baduurraa baraaramaa jira, gama biraan ammoo oomishnii fi oomishtummaan dabaleera. Boru bu’aan kana caalu akka dhufu har’a Itiyoophiyaanonni fayyadama ummataa kan mirkaneessu sagantaa ashaaraa magariisaa irratti baay’inaan hirmaachuun irraa eegama. Ashaaraan magariisaa erga eegalamee kaasee waggoota darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 caalu dhaabuun bosonni jijjiirama biyyaa dura dhibbantaa 17 tuqaa 2 ture yeroo ammaa gara dhibbantaa 23 tuqaa 6tti guddateera. Ummanni sagantaa ashaaraa magariisaa dhimma uumama kunuunsuu qofa osoo hin taane, dhimma birmadummaa dinagdee biyyaa fi wabii nyaataa mirkaneessuus godhamee fudhatamuu qaba. Faayidaan hunda galeessi kun qabatamaan mul’achaa kan jiru inisheetiiviin ashaaraa magariisaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalamuunsaa ni yaadatama.
Godina Baaleetti qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ummata hirmaachise taasifamaa jira
Jun 16, 2026 989
Waxabajjii 9/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa godina Baaleetti qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ummanni itti hirmaate taasifamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Sagantaan ashaaraa magariisaa baranaa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon argamanitti eegalameera. Barana biqiltuu biiliyoona 8 dhaabuuf galma qabame milkeesuuf hojii sosochii biyyaalessaa taasifamurratti Itiyoophiyaanonni kutaa hawaasaa hunda keessatti argaman tumsa guddaa akka godhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaamuunsaanii ni yaadatama. Biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin dhaabamu milkeessuuf naannoo Oromiyaa godina Baaleetti hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa jira. Itti aanaa hogganaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Mu’awiyyaa Fu’aad ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban godinichatti hawaasa hirmaachisuun hojii hojjetameen lafa muka malee hafe bosona gochuun bu’aan qabatamaan argameera. Hojii kana itti fufsiisuuf ganna kana kan dhaabamu biqiltuu miiliyoona 229 buufata biqiltuu mootummaa, waldaalee fi dhuunfaatti qopheessuun itti fufeera. Amma ammaatti biqiltuun miiliyoona 211 ol, boolloon miiliyoona 194 kan qophaa’an yoo ta’u hojiin hafe hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Biqiltuuwwan mandhalee fi biyya alaa qophaa’uusaanii kan ibsan ammoo waajjirichatti dursaa garee sululaa fi misooma bosomaa obbo Tasfaayee Oliiqaati.   Naannawichatti waggaatti al lama gannaa fi Arfaasaa kan roobu yoo ta’u, biqiltuun dhaabamu kana hubannoo keessa kan galche ta’uu eeraniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa Gaattiraa, Heexoo, Waddeessa, Birbirsa, Giraaviiliyaa, nyaata loonii fi mukeen gaaddisaaf oolan yoo ta’u, harki 8 nyaata namaaf kan oolan kuduraa fi Muduraadha. Bulchaan aanaa Harannaa Bulluq obbo Ibraahim Hasan ummanni aanichaa ongeef akka hin saaxilamne hawaasa hirmaachisuuf tattaaffiin itti fufuu ibsaniiru. Haala Kanaan rooba Arfaasaatti gargaaramuun harka 60, biqiltuuwwan dhaabuuf qophaa’an miiliyoona 25 keessaa harka 80 kan caalu dhaabamuu beeksisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 23555
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 4649
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 9939
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015