Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Kenniinsa tajaajilaa gara filannoo dijitaalaa fi socho’aatti(moobaayilaatti) jijjiiruun itti quufinsa lammiilee guddisuun daandii ijoo badhaadhina biyyaalessaati
Apr 22, 2026 700
Ebla 14/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kenniinsa tajaajilaa gara filannoo socho’aatti(moobaayilaatti) jijjiiruun itti quufinsa lammiilee guddisuun daandii ijoo badhaadhina biyyaalessaa ta’uu ibsaniiru.   Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Masoob Tajaajila socho’aa wayita ifatti eegalsiisan, Itiyoophiyaatti danqaawwan qaqqabummaa tajaajilaa yeroo dheeraaf mudatan furuuf damee mootummaas ta’e dhuunfaa keessatti jijjiiramni aadaa guddaan barbaachisaadha jedhan.   Kenniinsa tajaajilaa gara filannoo dijitaalaa fi socho’aa ykn moobaayilaatti ceesisuun itti quufinsa lammiilee guddisuun daandii ijoo badhaadhina biyyaa ta’uu ibsaniiru. Waggoota kurnan darban keessatti mootummoonni adda addaa sivil sarvisii haaromsuuf yaalii taasisanis, tajaajila kana hanga barbaadamutti fooyyessuu akka hin dandeenye hubachiisaniiru. Kanaaf sababni guddaan aadaa dhaabbataa fi dhuunfaa yeroo dheeraaf ture jijjiiruun, malaammaltummaa dhabamsiisuu fi akkaataa hojii namootaa irratti jijjiirama fiduun salphaa waan hin taaneef.   Riifoormiin erga jijjiirama biyyaalessaa dhufee kaasee tarsiimoo dizaayinii gochuun sirna dhaabbilee ijaaruun damee tajaajilaa keessatti taasifamaa ture bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira jedhaniiru. Qonna, industirii, turizimii, albuudaa fi damee hedduu dijitaalaa keessatti utubaawwan guddina dinagdee mijeessuuf meeshaa ijoo ta’uu eeraniiru. Telekoomii, faayinaansii fi dameewwan birootiin bu’aan galmaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru.   Lakkoofsi wiirtuuwwan tajaajila giddugala iddoo tokkoo waggaa tokko keessatti gara 45tti ol guddachuu fi lakkoofsa kana gara 100 ol guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Waggaa darbe keessa lammiileen miliyoona tokkoo ol tajaajila giddugala iddoo tokkoo argachuu isaanii ibsuun, giddugalaloota kanneen keessatti tajaajila gosa kuma 3tti dhiyaatu kennamaa akka jiran hubachiisaniiru.   Itiyoophiyaatti wiirtuuleen tajaajila giddugala iddoo tokkoo amma jiran gahaa akka hin taane eeruun, tajaajila kana hawaasa biratti dhaqqabamaa taasisuuf tajaajila giddugala tokkoo gara sochootuutti kennuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Konkolaattonni tajaajila kana kennan humna ibsaa fi boba'aan kan hojjetan yoo ta’u, intarneetii fi bu’uuraalee misoomaa guutuu kan qabanidha. Isaan kunniinis Finfinnee fi naannolee keessatti bal’inaan kan itti fayyadaman ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA                  
Itiyoophiyaan yeroo kamiyyuu caalaa sirna daldalaa biyyoota hedduudhaaf qophii taatee jirti
Apr 22, 2026 413
Ebla 14/2018 (ENA): Itiyoophiyaan sirna daldalaa biyyoota hedduudhaaf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu isheetiin alatti, abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatif riifoormii dinagdee Gooroo hunda galeessa ta’een daldalaa fi invastimantiidhaaf mijataa ta’uu Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee himaniiru.   Walgahiin Garee Hojii 7ffaa Miseensummaa Itiyoophiyaa Waldaa daldala addunyaa irratti Gaggeeffamu Siwiizarlaand Jeeneevaatti ifatti eegalameera. Ministirichi haasaa baniinsaa taasisaniin, Dura taa’aa, Sekreetariyaatii fi miseensonni Walgahii Garee Hojii imala miseensummaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa itti fufiinsa qabuu fi hirmaannaa cimaa taasisaniif galateeffataniiru.   Itiyoophiyaan Walgahii Garee Hojii 6ffaa Fulbaana darbe gaggeeffame irraa eegalee marii biyyoota hedduu fi biyyoota lamaanii irratti guddina olaanaa galmeessitee jirti jedhan. Hojii gaaffilee biyyoota miseensa 226’f deebii gadi fageenya qabu kennuu, wixinee gabaasa garee hojii qopheessuu fi keewwata dirqamaa 32 xumuruus ibsaniiru. Miseensota 9 waliin marii qaqqabummaa gabaa biyyoota lamaanii xumuruu ibsaniiru. Itiyoophiyaan dhimmoota barbaachisoo hafan miseensonni kaasan qabiyyee dagaagee fi bifa ijaarsa qabuun furuuf kutannoo akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan haaromsa dinagdee Gooroo hunda galeessa ta’een abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatiif daldalaa fi invastimantiidhaaf mijataa ta’uu bira darbee sirna daldala idil-addunyaa biyyoota hedduudhaaf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu ishee mirkaneessaniiru. Walgahiin garee hojii 7ffaan har'aa fi boruu guyyaa guutuu kan gaggeeffamu ta'uu ENA’n bakkichaa argate ni mul'isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Waldaan Qorannooo Oromoo beekumsa mandhalee Oromoo qorachuun beekumsa haaraa maddisiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Piroofeesar Baqqalaa Guutamaa
Apr 22, 2026 429
Ebla 14/2018 (ENA): Waldaan Qorannooo Oromoo beekumsa mandhalee Oromoo qorachuun beekumsa haaraa maddisiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu walitti qabaan boordii waldaa qorannoo Oromoo Piroofeesar Baqqalaa Guutamaa himani. Konfiraansiin Qorannoo Idil Addunyaa 2ffaan qindoomina Waldaa Qorannoo Oromoofi Yuunivarsiitii Ambootiin qophaa'e Finfinneetti gaggeeffamaa jira.   Konfiransicharratti haasaa baniinsaa kan taasisan Walitti Qabaan Boordii Waldaa Qorannoo Oromoo Pirofeesar Baqqalaa Guutamaa, Waldaan Qorannoo Oromoo beekumsa uummanni Oromoo qaburratti qorannoo gadi fagoo gaggeessuun ifatti baasuufi beekumsa haaraa maddisiisuurratti xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.   Waldichi erga hundaa'ee konfiransiiwwan garaagaraa qopheessuun hayyoonni dhimma Oromoorratti yaada akka waljijjiiran taasisuu, qorannoowwan adda addaafi dhimma Finfinneerratti qorannoo gadi fagoo gaggeessuun kitaaba barreessuun hawaasa biraan gahuu dubbataniiru. Pirezidaantii Itti Aanaan Yuunivarsiitii Amboo Dr. Salamoon Maashoo gamasaaniin, Yuunivarsiitiin Amboo hojii baruufi barsiisuu cinaatti dhimma Oromoofi Oromummaarratti dammaqinaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.   Yuunivarsiitichi dhaabbilee dhimma Oromoorratti hojjatan waliin qindoomuun hojjachaa jiraachuufi fuuldurattis ciminaan kan hojjatu ta'uu dubbataniiru. Pirezidaantii FDRI duraanii Dr. Mulaatuu Tashoomaa konfiransicharratti argamuun ergaa dabarsaniin, seenaa, aadaa, dhuudhaafi eenyummaa uummata Oromoo dhokatee ture qorachuu, beeksisuufi guddisuun dhalootaatti dabarsuuf dhaabbileen qorannoo barbaachisaa ta'uu himan. Waldaan Qorannoo Oromoo dhimma Oromoorratti hojii qorannoofi qo'annoo adda addaa gaggeessuun beeksisuun dirqamasaa bahachaa jiru cimsee ittifufuu akka qabu dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Naannoo Oromiyaatti qonnaa gannaan lafti hektaarri miiliyoon 11 ol misoomsuuf qophiin taasifamaa jira
Apr 22, 2026 233
Eebla 14/2018(ENA) – Naannoo Oromiyaatti qonnaa gannaan lafa hektaara miiliyoon 11 ol misoomsuuf qophiin taasifamaa akka jiru Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise. Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daarektarri Misooma Midhaanii obbo Musxafaa Huseen ENAtti akka himanitti, qophii qonna gannaa bara kanaaf sochii bal’aan taasifamaa jira. Akka naannoo Oromiyaatti oomisha qonnarraa argamu keessaa dhibbantaa 80 ol kan ta’uu waqtii gannaa kan oomishamu ta’uu eeranii, hojii kanaaf qophii gahaa fi galteewwan barbaachisu guutuuf xiyyeeffannoon hojjetama jirachuu obboo Musxafaan himaniiru. Naannichatti bara kana lafa heekataara miliyoona 11 ol misoomsuun kuntaala miliyoona 380 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetama jira jedhan. Kana keessaas lafti heektaarri kuma 250 badiyyaa bulchiinsa magaalaan hoogganaman keessaatti kan misoomu ta’uu himaniiru. Lafa qonna gannaaf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektara miliyoonni 2 tuqaa 1 qotamee qophaa’uu eeraniiru. Kana keessaas bara kan lafa qotamu keessaa dhibbeentaan 50 tiraaktaraan qotamaa jira jedhaniiru. Dabalataan qonnaan bultoonnis bakkeewwan Tiraaktaraan qotuun hin danda’amnetti Jigii fi Daboon wal gargaaranii haalaan akka qopheeffataniif deeggarsii fi hordoffiin taasisamaafii jirachuu himaniiru. Naannichatti bara kana qonna waliigalaaf xaa’oon kumtaala miliyoona 14 tuqaa 3 dhiheesuuf kan karoorfame yoo ta’uu, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala miliyoona 7 tuqaa 8 dhihaachuu himaniiru. Akkasumas shanyiin midhaanii filatamaa fi fooyya’aa kuntaala miliyona 2 tuqaa 1 qonnaan bulaaf ni dhiyaata jechuun dubbataniiru. Karoora kana galmaan gahuuf hoggansi sadarkaan jiruu fi qonnaan bultoonni qindoominaan kan hojjetan yoo ta’u, deeggarsii hordoffiin barbaachisu taasifamaa jira jedhan obbo Musxafaan.
Manni maree ministirootaa dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarse
Apr 22, 2026 1317
Ebla 14/2018 (ENA) - Manni maree ministirootaawalgahii idilee 54ffaa taa’een dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarseera. 1. Jalqaba kan mari’ate deeggarsaa fi liqii faayinaansii lama irrattidha. Kan jalqabaa karoora dinagdee mandhalee raawwachiisuuf kan oolu ejensii misoomaa Faransaayii irraa walii galteewwan Yuuroo miiliyoona saddetama(80,000,000) irrattidha. Kan lammataa sagantaa fooyyessa dhiheessii maallaqa xiqqaa baadiyyaaf kan oolu baankii invastimantii Awurooppaarraa waliigaltee liqii Yuuroo miiliyoona dhibba kudhanii (110,000,000) dha. Manni maree sagalee guutuudhaan mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu murteesseera. 2. Manni marichaa lammata irratti walii galtee warshaa oomishaa fi qiqindeessaa Xaa’oo biyya keenyaa kan ilaallatu onnachiiftuu fi eegumsa invastimantiirratti mari’ateera. Waliigaltee kana ministeerri maallaqaa akka mallatteessuu fi hojii akka eegalu sagalee guutuun deeggarameera. 3. Sadaffaa manni marichaa wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uraalee misoomaa ijoorratti mari’ateera. Manni marichaa Wixinee labsii dhimma kanarratti qophaa’e irratti erga mari’atee booda yaada itti kennuun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 4. mootAkkasumas manni maree kun waliigalteewwan gamlamee idil addunyaa 6 irratti mari’ateera. Kan jalqabaa akkuma tartiibasaaniitti waliigalteewwan mootummaa rippaabiliikii sooshaalistii Veetinaam fi federeeshinii Ruusiyaa waliin waliigalteewwan namoota dippilomaatikii ykn paaspoortii tajaajilaa qabaniif viisaa hambisuu fi wiirtuu qo’annoo Baayoloojii hundeessuuti. Walii galteewwan kunneen Hariiroo gam lame Itiyoophiyaan biyyoota lamaan waliin qabdu cimsuu fi sochii dame qo’annoo fi qorannoo saayinsaawaa taasiftu deeggaruuf akka gargaaran mana mareef dhihaataniiru. Kan lammaffaa waliigalteewwan tajaajila qilleensaa afur mootummaa mootii Oswatiinii, mootummaa rippaabiliikii Angoolaa, mootummaa rippaabiliikii ummataa Baangilaadeesh fi mootummaa rippaabiliikii Seraaliyoon waliin taasifaman irratti mari’ateera. Waliigalteewwan kunneen daandiin qilleensaa balalliiwwan gara magaalaa muummee biyyoota kanneeniitti mirga tiraafikaa 3ffaa fi 4ffaan deddeebii imaltootaa fi fe’isaa gochuuf, daandiiwwan qilleensaa bakka buutota shariikummaan bobbaasuuf, mirga tiraafikaa shanaffaatiin bakka gahumsaa filatamanitti balali’uuf, kan gargaaranii fi hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa fi biyyoota kana waliin qabdu cimsuuf, daandii qilleensichaaf gabaa dabalataa uumuuf, invastimantii kallattii kalaa onnachiisuuf, carraa hojii uumuuf argannoo sharafa alaa fi tuurizimiif faayidaa guddaa waan qabaniif mana mareef dhihaataniiru. Manni marichaa dhimmoota kanarratti mari’achuun wixineewwan labsii kanneen mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfaman sagalee guutuun murteesseera. 5. Manni marii kun xumurarratti danbuu tajaajila balaawwan ibiddaa fi tasa mudatan hundeessurratti mari’ateera. Manni maree kun dambii dhimma kanarratti qophaa’e irratti erga mari’atee booda yaada itti kennuun guyyaa gaazexaa magalataa federaalaarratti maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. Ebla 14 bara 2018 Finfinnee
Kan mul'ate

Kenniinsa tajaajila biyyaalessaa keessatti jijjiiramni aadaa bu'uuraa barbaachisa - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Apr 22, 2026 286
Ebla 14/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kenniinsa tajaajila biyyaalessaa keessatti jijjiiramni aadaa bu’uuraa akka barbaachisu ibsaniiru. Utubaalee misoomaa karoorfaman shanan keessaa teeknooloojii damee tajaajilaaf akka meeshaa ijootti fayyadamuun si’aayina tajaajilaafi waliinga’iinsa fooyyessuuf kutannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Hojiirra oolmaan sirna kenniinsa tajaajilaa wiirtuu tokkoo (Masoob) yeroo dhiyootti qofa kan eegale ta’us, itti quufinsi maamiltootaa olaanaa tajaajila Masoob keessatti mul’ate bu’a qabeessummaa moodeela daldalaa ifatti kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru. Sirnicha daran babal’isuun barbaachisaa ta’uu kan agarsiisu ta’uu ibsuun, tajaajilli moobaayilaa Masob har’a ifatti eegalame kunis qaama hojii itti fufee jiru kanaa ta’uu hubachiisaniiru. Sirna kenniinsa tajaajilaa Tajaajila Giddugala Tokkoo (Masoob) hojiirra oolchuu kan eeggalle yeroo gabaabaa ta’us itti quufiinsi maamiltootaa argame bu’aa qabeessummaa isaa ifatti mirkaneesseera jedhan. Kunis hojimaata isaa babal’isuun barbaachisaa akka ta’e agarsiisa jedhanii; guyyaa har’aa ifatti kan eebbifame Tajaajilli Masoob Socho’aan( Mobile Service) qaama sosochii hojii kanaa ta’uu ibsan. ‎Lammiileen keenya yeroo isaanii haalaan akka fayyadamaniifi qusannaa yeroo hiika qabeessa akka argatan gochuuf tajaajiloota qindaa’aa kanneen waliingahuuf itti fufna jedhaniiru ergaa isaaniin.  

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Kaardii filannoo fudhachuun Mirga Heeraa Mootummaan aragannetti fayyadamuuf qophoofneerra
Apr 21, 2026 2328
Ebla13/2018(ENA)-Jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENA’f kennan, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filannoo fudhachuun mirga heera mootummaan isaaniif kennameefiitti fayyadamuuf qophii ta'uusaanii ibsan. Akka sagantaa yeroo Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa baaseetti, galmee filattootaa kan bara kanaa Gurraandhala 28 bara 2018 irraa jalqabee gaggeeffamaa jira. Boordichi sagantaa jalqaba baase fooyyessuudhaan, ummanni bal’inaan akka galmaa’u carraa kennuuf, guyyoota Ayyaanaa osoo hin dabalatiin galmeen hanga Ebla 14 bara 2018 akka dheeratu taasisuunsaa ni yaadatama. Jiraattonni ENA’f yaadasaanii kennan, mirga heera mootummaan kennameef hojiirra oolchuuf kaardii filannoo fudhatanii guyyaa sagalee kennuu eeggachaa jiru. Adeemsi galmee buufataalee filannoo keessatti taasifamu mijataa fi si’ataa ta'uusaas ibsaniiru. Namoota yaada isaanii kennan keessaa Obbo Geeraa Warquu akka jedhanitti, Kaardii koo fudhadheen jira, ijaarsa biyyaa fi jijjiiramaaf ni fayyada kanan jedhu filachuuf qophaa’een jira jedhaniiru. Obbo Worquu Waldeleezaa gamasaaniin, paartii biyya guddisa, misooma ariifachiisa, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessa jedhanii kan amananiif sagalee isaanii kennuuf kaardii fudhachuusaanii ibsaniiru. Obbo Lammaa Badhaadhaas filannoon mootummaa biyyaa cimaa ijaaruuf qooda qabachuu eeranii, adeemsichi ijaarsa dimokraasii keessatti shoora murteessaa waan qabuuf filachuuf qophii ta'uusaanii dubbataniiru. Filannoon fuuldura dhaloota dhufuuf abdii mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabu eeruun, hojii kanaaf qophii ta'uu kan ibsan immoo Aadde Abbabach Kabbbadaati.
Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa foyyeesuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan argamaa jira
Apr 17, 2026 6954
Eebila 09/2018 (ENA): Naanoo Oromiyaatti kenninsa tajaajilaa fooyyessuuf hojii hojjetameen bu’aa qabatamaan argamaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan. Itti Aanaan Pirezidaantichaa raawwii karoora ji’oota saglanii ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin bara baajitichaa baatiiwwan saglan darbanitti dameelee hedduun hojiileen misoomaa bu’aa qabeessa ta’an raawwatamuusaanii ibsaniiru. Keessattuu, tajaajila kenniinsaa fooyyessuuf hojiileen hojjataman rakkoolee bulchiinsa gaarii hir’isuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru ibsaniiru. Rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf magaaloota shan keessatti sadarkaa qorannootti kan jalqabame kenniinsi tajaajila giddugala tokkoo (Masoob) milkaa’ina argamsiisuu isaa hordofee, muuxannoo kana babal’isuuf hojiin hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Akka Itti Aanaan Pirezidaantichaa ibsanitti, sadarkaa lammaffaatti kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo kana magaaloota 26tti babal’isuun kan danda’ame yoo ta’u, isaan keessaa muraasni tajaajila kennuu jalqabaniiru. Sadarkaa sadaffaattis Magaaloota 60 keessatti jalqabuuf sochiin eegalamuu eeraniiru. Obbo Awwaluun, lammiileen kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo 'Masob' argatan dhibbantaa 97 ol itti quufinsa qabaachuusaanii ibsanii, hojiin fakkeenya ta’u kun babal’atee ummanni tajaajila barbaadu akka argatuuf kutannoon hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Hojiin kun milkaa’ina akka argatuuf teeknoolojii, humna namaa, iddoo hojii fi haala hojiif mijaatu uumuun hojiileen bal’aan raawwatamaa jiru jedhaniiru. Hoggansi gara ummataatti dhihaatee akka tajaajiluuf, guyyoota tajaajilaa adda baasuu qofa osoo hin taane, aanaalee fi gandaatti riifoormii gaggeeffameen hawaasni tajaajila barbaadu akka dhiheenyaatti argatuuf mijeessuun danda’ameera. Tajaajila kenniinsa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf, hojjettoota rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irratti tarkaanfiileen sirreeffamaa gara garaa fudhatamuu isaa himaniiru. Gama biraatiin, Naannichatti Ji’oota Saglanii darban keessatti qarshii biliyoona 237 ol galiin walitti qabamuu ibsuun, fuuldurattis galii naannichaa guddisuuf kaffaltoota gibiraaf hubannoo uumuu fi maddoota galii qorachuun cimee itti fufa jedhaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun, naannichatti bara baajataa kana keessatti piroojektoota misoomaa garagaraa kuma 28 fi 800 ol ijaaramaa akka jiran kan ibsan yoo ta’u, piroojektoota kana keessaa kuma 21 ol kan ta’an yeroo dhiyootti tajaajila ummataaf banaa akka ta’an ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan Tumsa Loltummaa Industirii fi Teeknooloojii Guddisuuf Waliigalaniiru
Apr 14, 2026 4261
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa Loltummaa industirii fi teeknooloojii isaanii guddisuuf waliigalaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa injiinar Aayishaa Mahaammad Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Laayibeeriyaa Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji waliin Finfinneetti mari'ataniiru.   Walgahichaan dhimmoota tarsiimoo tumsa loltumaa biyyoota lamaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuu danda’anirrattis mari’ataniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa akka himanitti,Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uu yaadachiisuun, walitti dhufeenyi seenaa kun tumsa loltummaa amma jiruuf bu’uura cimaa akka ta’u dubbatani. Itiyoophiyaan gama industirii loltummaa fi ijaarsa dandeettii irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan saayinsii loltummaa fi ijaarsa ittisa ammayyaa irratti, nageenya idil addunyaa eegsisuu dabalatee, muuxannoo barumsaa guddaa Laayibeeriyaaf ta’uu ibsaniiru.   Laayibeeriyaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo bal’aa argachuuf fedhii guddaa akka qabdus ibsaniiru. Keessattuu gama leenjii fi tumsa teeknikaatiin tumsa loltummaa biyyoota lamaanii daran guddisuuf akka hojjetan odeeffannoon onlayin Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa ENA’f erge ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #ENA

Hawaasummaa
Kenniinsa tajaajilaa gara filannoo dijitaalaa fi socho’aatti(moobaayilaatti) jijjiiruun itti quufinsa lammiilee guddisuun daandii ijoo badhaadhina biyyaalessaati
Apr 22, 2026 700
Ebla 14/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kenniinsa tajaajilaa gara filannoo socho’aatti(moobaayilaatti) jijjiiruun itti quufinsa lammiilee guddisuun daandii ijoo badhaadhina biyyaalessaa ta’uu ibsaniiru.   Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Masoob Tajaajila socho’aa wayita ifatti eegalsiisan, Itiyoophiyaatti danqaawwan qaqqabummaa tajaajilaa yeroo dheeraaf mudatan furuuf damee mootummaas ta’e dhuunfaa keessatti jijjiiramni aadaa guddaan barbaachisaadha jedhan.   Kenniinsa tajaajilaa gara filannoo dijitaalaa fi socho’aa ykn moobaayilaatti ceesisuun itti quufinsa lammiilee guddisuun daandii ijoo badhaadhina biyyaa ta’uu ibsaniiru. Waggoota kurnan darban keessatti mootummoonni adda addaa sivil sarvisii haaromsuuf yaalii taasisanis, tajaajila kana hanga barbaadamutti fooyyessuu akka hin dandeenye hubachiisaniiru. Kanaaf sababni guddaan aadaa dhaabbataa fi dhuunfaa yeroo dheeraaf ture jijjiiruun, malaammaltummaa dhabamsiisuu fi akkaataa hojii namootaa irratti jijjiirama fiduun salphaa waan hin taaneef.   Riifoormiin erga jijjiirama biyyaalessaa dhufee kaasee tarsiimoo dizaayinii gochuun sirna dhaabbilee ijaaruun damee tajaajilaa keessatti taasifamaa ture bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira jedhaniiru. Qonna, industirii, turizimii, albuudaa fi damee hedduu dijitaalaa keessatti utubaawwan guddina dinagdee mijeessuuf meeshaa ijoo ta’uu eeraniiru. Telekoomii, faayinaansii fi dameewwan birootiin bu’aan galmaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru.   Lakkoofsi wiirtuuwwan tajaajila giddugala iddoo tokkoo waggaa tokko keessatti gara 45tti ol guddachuu fi lakkoofsa kana gara 100 ol guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Waggaa darbe keessa lammiileen miliyoona tokkoo ol tajaajila giddugala iddoo tokkoo argachuu isaanii ibsuun, giddugalaloota kanneen keessatti tajaajila gosa kuma 3tti dhiyaatu kennamaa akka jiran hubachiisaniiru.   Itiyoophiyaatti wiirtuuleen tajaajila giddugala iddoo tokkoo amma jiran gahaa akka hin taane eeruun, tajaajila kana hawaasa biratti dhaqqabamaa taasisuuf tajaajila giddugala tokkoo gara sochootuutti kennuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Konkolaattonni tajaajila kana kennan humna ibsaa fi boba'aan kan hojjetan yoo ta’u, intarneetii fi bu’uuraalee misoomaa guutuu kan qabanidha. Isaan kunniinis Finfinnee fi naannolee keessatti bal’inaan kan itti fayyadaman ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA                  
Waldaan Qorannooo Oromoo beekumsa mandhalee Oromoo qorachuun beekumsa haaraa maddisiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Piroofeesar Baqqalaa Guutamaa
Apr 22, 2026 429
Ebla 14/2018 (ENA): Waldaan Qorannooo Oromoo beekumsa mandhalee Oromoo qorachuun beekumsa haaraa maddisiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu walitti qabaan boordii waldaa qorannoo Oromoo Piroofeesar Baqqalaa Guutamaa himani. Konfiraansiin Qorannoo Idil Addunyaa 2ffaan qindoomina Waldaa Qorannoo Oromoofi Yuunivarsiitii Ambootiin qophaa'e Finfinneetti gaggeeffamaa jira.   Konfiransicharratti haasaa baniinsaa kan taasisan Walitti Qabaan Boordii Waldaa Qorannoo Oromoo Pirofeesar Baqqalaa Guutamaa, Waldaan Qorannoo Oromoo beekumsa uummanni Oromoo qaburratti qorannoo gadi fagoo gaggeessuun ifatti baasuufi beekumsa haaraa maddisiisuurratti xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.   Waldichi erga hundaa'ee konfiransiiwwan garaagaraa qopheessuun hayyoonni dhimma Oromoorratti yaada akka waljijjiiran taasisuu, qorannoowwan adda addaafi dhimma Finfinneerratti qorannoo gadi fagoo gaggeessuun kitaaba barreessuun hawaasa biraan gahuu dubbataniiru. Pirezidaantii Itti Aanaan Yuunivarsiitii Amboo Dr. Salamoon Maashoo gamasaaniin, Yuunivarsiitiin Amboo hojii baruufi barsiisuu cinaatti dhimma Oromoofi Oromummaarratti dammaqinaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.   Yuunivarsiitichi dhaabbilee dhimma Oromoorratti hojjatan waliin qindoomuun hojjachaa jiraachuufi fuuldurattis ciminaan kan hojjatu ta'uu dubbataniiru. Pirezidaantii FDRI duraanii Dr. Mulaatuu Tashoomaa konfiransicharratti argamuun ergaa dabarsaniin, seenaa, aadaa, dhuudhaafi eenyummaa uummata Oromoo dhokatee ture qorachuu, beeksisuufi guddisuun dhalootaatti dabarsuuf dhaabbileen qorannoo barbaachisaa ta'uu himan. Waldaan Qorannoo Oromoo dhimma Oromoorratti hojii qorannoofi qo'annoo adda addaa gaggeessuun beeksisuun dirqamasaa bahachaa jiru cimsee ittifufuu akka qabu dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Kenniinsa tajaajila biyyaalessaa keessatti jijjiiramni aadaa bu'uuraa barbaachisa - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Apr 22, 2026 286
Ebla 14/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kenniinsa tajaajila biyyaalessaa keessatti jijjiiramni aadaa bu’uuraa akka barbaachisu ibsaniiru. Utubaalee misoomaa karoorfaman shanan keessaa teeknooloojii damee tajaajilaaf akka meeshaa ijootti fayyadamuun si’aayina tajaajilaafi waliinga’iinsa fooyyessuuf kutannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Hojiirra oolmaan sirna kenniinsa tajaajilaa wiirtuu tokkoo (Masoob) yeroo dhiyootti qofa kan eegale ta’us, itti quufinsi maamiltootaa olaanaa tajaajila Masoob keessatti mul’ate bu’a qabeessummaa moodeela daldalaa ifatti kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru. Sirnicha daran babal’isuun barbaachisaa ta’uu kan agarsiisu ta’uu ibsuun, tajaajilli moobaayilaa Masob har’a ifatti eegalame kunis qaama hojii itti fufee jiru kanaa ta’uu hubachiisaniiru. Sirna kenniinsa tajaajilaa Tajaajila Giddugala Tokkoo (Masoob) hojiirra oolchuu kan eeggalle yeroo gabaabaa ta’us itti quufiinsi maamiltootaa argame bu’aa qabeessummaa isaa ifatti mirkaneesseera jedhan. Kunis hojimaata isaa babal’isuun barbaachisaa akka ta’e agarsiisa jedhanii; guyyaa har’aa ifatti kan eebbifame Tajaajilli Masoob Socho’aan( Mobile Service) qaama sosochii hojii kanaa ta’uu ibsan. ‎Lammiileen keenya yeroo isaanii haalaan akka fayyadamaniifi qusannaa yeroo hiika qabeessa akka argatan gochuuf tajaajiloota qindaa’aa kanneen waliingahuuf itti fufna jedhaniiru ergaa isaaniin.  
Diinagdee
Itiyoophiyaan yeroo kamiyyuu caalaa sirna daldalaa biyyoota hedduudhaaf qophii taatee jirti
Apr 22, 2026 413
Ebla 14/2018 (ENA): Itiyoophiyaan sirna daldalaa biyyoota hedduudhaaf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu isheetiin alatti, abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatif riifoormii dinagdee Gooroo hunda galeessa ta’een daldalaa fi invastimantiidhaaf mijataa ta’uu Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee himaniiru.   Walgahiin Garee Hojii 7ffaa Miseensummaa Itiyoophiyaa Waldaa daldala addunyaa irratti Gaggeeffamu Siwiizarlaand Jeeneevaatti ifatti eegalameera. Ministirichi haasaa baniinsaa taasisaniin, Dura taa’aa, Sekreetariyaatii fi miseensonni Walgahii Garee Hojii imala miseensummaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa itti fufiinsa qabuu fi hirmaannaa cimaa taasisaniif galateeffataniiru.   Itiyoophiyaan Walgahii Garee Hojii 6ffaa Fulbaana darbe gaggeeffame irraa eegalee marii biyyoota hedduu fi biyyoota lamaanii irratti guddina olaanaa galmeessitee jirti jedhan. Hojii gaaffilee biyyoota miseensa 226’f deebii gadi fageenya qabu kennuu, wixinee gabaasa garee hojii qopheessuu fi keewwata dirqamaa 32 xumuruus ibsaniiru. Miseensota 9 waliin marii qaqqabummaa gabaa biyyoota lamaanii xumuruu ibsaniiru. Itiyoophiyaan dhimmoota barbaachisoo hafan miseensonni kaasan qabiyyee dagaagee fi bifa ijaarsa qabuun furuuf kutannoo akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan haaromsa dinagdee Gooroo hunda galeessa ta’een abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatiif daldalaa fi invastimantiidhaaf mijataa ta’uu bira darbee sirna daldala idil-addunyaa biyyoota hedduudhaaf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu ishee mirkaneessaniiru. Walgahiin garee hojii 7ffaan har'aa fi boruu guyyaa guutuu kan gaggeeffamu ta'uu ENA’n bakkichaa argate ni mul'isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Naannoo Oromiyaatti qonnaa gannaan lafti hektaarri miiliyoon 11 ol misoomsuuf qophiin taasifamaa jira
Apr 22, 2026 233
Eebla 14/2018(ENA) – Naannoo Oromiyaatti qonnaa gannaan lafa hektaara miiliyoon 11 ol misoomsuuf qophiin taasifamaa akka jiru Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise. Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daarektarri Misooma Midhaanii obbo Musxafaa Huseen ENAtti akka himanitti, qophii qonna gannaa bara kanaaf sochii bal’aan taasifamaa jira. Akka naannoo Oromiyaatti oomisha qonnarraa argamu keessaa dhibbantaa 80 ol kan ta’uu waqtii gannaa kan oomishamu ta’uu eeranii, hojii kanaaf qophii gahaa fi galteewwan barbaachisu guutuuf xiyyeeffannoon hojjetama jirachuu obboo Musxafaan himaniiru. Naannichatti bara kana lafa heekataara miliyoona 11 ol misoomsuun kuntaala miliyoona 380 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetama jira jedhan. Kana keessaas lafti heektaarri kuma 250 badiyyaa bulchiinsa magaalaan hoogganaman keessaatti kan misoomu ta’uu himaniiru. Lafa qonna gannaaf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektara miliyoonni 2 tuqaa 1 qotamee qophaa’uu eeraniiru. Kana keessaas bara kan lafa qotamu keessaa dhibbeentaan 50 tiraaktaraan qotamaa jira jedhaniiru. Dabalataan qonnaan bultoonnis bakkeewwan Tiraaktaraan qotuun hin danda’amnetti Jigii fi Daboon wal gargaaranii haalaan akka qopheeffataniif deeggarsii fi hordoffiin taasisamaafii jirachuu himaniiru. Naannichatti bara kana qonna waliigalaaf xaa’oon kumtaala miliyoona 14 tuqaa 3 dhiheesuuf kan karoorfame yoo ta’uu, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala miliyoona 7 tuqaa 8 dhihaachuu himaniiru. Akkasumas shanyiin midhaanii filatamaa fi fooyya’aa kuntaala miliyona 2 tuqaa 1 qonnaan bulaaf ni dhiyaata jechuun dubbataniiru. Karoora kana galmaan gahuuf hoggansi sadarkaan jiruu fi qonnaan bultoonni qindoominaan kan hojjetan yoo ta’u, deeggarsii hordoffiin barbaachisu taasifamaa jira jedhan obbo Musxafaan.
Hojiileen waggoottan darban raawwataman Itiyoophiyaan daldalaa fi invastimantiif akka filatamtu ishee taasiseera-Doktar Fitsum Asaffaa
Apr 22, 2026 245
Ebla 14/2018 (ENA) - Hojiileen waggoottan darban raawwataman Itiyoophiyaan daldalaa fi invastimantiif akka filatamtu ishee taasisuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa ibsan. Bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti qorannoo guyyoota 100 fi gabaasa raawwii hojii baatii 9 kan dhiheessan ministirri kun akka ibsanitti, haala ta’ee hin beekneen waggoottan darban hoggantoonni hedduun Itiyoophiyaa daawwataniiru. Kun kan raawwatame hojii jijjiiramaa fi haala mijataa jijjiiramni sababa Kanaan dhufaa jiru uumeen akka ta’e hubachiisaniiru. Yeroo ammaa Itiyoophiyaan deeggarsaa mannaatii tumsa daldalaa fi invastimantii kan filattu akkasumas dandeettiin dorgommiif qabdu caalee kan mul’atu ta’uu ibsaniiru. Karaan ittiin of mul’ifne Itiyoophiyaan ilaalcha gargaaramuu mannaatii birmadummaashee kan mirkaneessite deeggarsa yoo barbaaddes ofiisheetiin milkeessuu kan dandeessu ta’uu himaniiru. Itti dabaluunis, seenessi Itiyoophiyaan addunyaa waliin firoomuu kan barbaaddu daldalaa fi invastimantiini jedhu qoodasaa baheera jedhan ministirri kun. Hojiin hojjetamanii fi bu’aaleen misoomaa argaman dandeettii ni danda’ama jedhu agarsiisuun Itiyoophiyaan hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota garagaraa waliin qabdu kan jijjiiran ta’uu himaniiru. Gama dippilomaasii jijjiirama haala qilleensaa fi adda durummaa riijinii fi idil addunyaatiinis hojiin guddaan hojjetamuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan imaammata ittiin gaggeeffamtuu fi ashaaraa magariisaa dabalatee jijjiirama haala qilleensaarratti hojiin qabatamaan hojjette sadarkaa Afriikaa fi idil addunyaatti qoodni adda durummaa agarsiifte biyya maqaa dhahamtu akka ishee taasise himaniiru. Yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa milkaa’inaan keessummeessuu danda’uunshee qoota mataasaa bahateera jedhaniiru. Dabalataanis yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa (COP 32 ) akka keessummeessitu filatamuunshee agarsiifuu ta’uusaa akka ta’e eeraniiru
Dandeettiin invastimantii qonnaa Itiyoophiyaan qabdu dandeettii dorgommii idil addunyaa cimsaa jira
Apr 21, 2026 745
Ebla 13/2018(ENA)- Qabeenyi qonnaa bal’aan Itiyoophiyaan qabdu dandeettii dorgommii idil addunyaatti qabdu guddisaa jiraachuu dureessi biyya Hindi Itiyoophiyaa keessatti invastimantii qonnaarratti hojjetan Gajandiraa Singahi Manpuraa ibsan. Hojiileen riifoormii Itiyoophiyaan damee qonnaan hojiirra oolchite bu’aalee qabatamaa fidaa jiru. Keessumaa inisheetiivonni kanneen akka oomisha Qamadii nyaataan of danda’uu fi birmadummaa mirkaneessuuf bocamanii hojiirra oolan ni eeramu. Qamadii fedhii nyaataaf of danda’uun biyya alaatti erguu eegaluun inisheetiivichi bu’a qabeessa ta’uusaa agarsiisa. Gama Invastimantii qonnaatiinis haalonni mijataa dureeyyii onnachiisan uumuurra darbee dandeettiin dilbii damee Kanaan qabdu dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaa guddaa hawatta. Dureessi Hindi Gajandiraa Singahi Manpuraa Afriikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Keeniyaa, Zaambiyaa fi biyyoota biraatti haala invastimantii daawwachuusaanii yaadachiisaniiru. Daawwannaa Itiyoophiyaatiinis biyyattii invastimantii qonnaaf filachuun damee misooma kuduraa fi muduraa irratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Keessumaa oomisha Avokaadoo guddisuun gabaa addunyaa garagaraaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Fuulduras Muuzii, Injoorrii, mi’eessituu fi dameelee qonnaa garagaraa irratti invastimantii babal’isuuf xiyyeeffatanii akka hojjetan mirkaneessaniiru. Yeroo ammaa kaappitaala ka’umsaa doolaara kuma 500’n hojjechaa akka jiran eeranii, fuulduras invastimantii itti jiran dachaa sadiin guddisuuf akka karoorfatan beeksisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbiseera
Apr 21, 2026 1254
Ebla13/2018(ENA)፦ Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob" rakkoo malee tajaajila akka argannu nu dandeessiseera jechuun Jiraattonni Magaalaa Miizan Amaan dubbatan. Obbo Mahaammad Huseen eeyyama daldalaasaanii haareffachuuf Gidduugalichatti kan argaman tajaajiloota garaa garaa bakka tokkotti rakkoo malee argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi tuttuqqaa waraqaarraa bilisa ta'uusaa qofa osoo hin taane, saffisaa fi kabaja maamilaa kan eeggate ta'uunsaatti gammaduusaanii dubbataniiru. Kunis kutannoo Mootummaan rakkoo Bulchiinsa gaarii furuu fi deddeebbii uummataa hir’isuuf qabu hojiin mirkaneessuusaa ibsaniiru. Tajaajilamtuun Aadde Ergoyyee Shifarraawu gamasaaniin, giddu-galichatti rakkoo malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila saffisaa argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob keessatti bakka tokkotti yeroo fi maallaqa qusachuun tajaajila saffisaa argachuu danda'uun isaaniin deddeebbiirraa bilisa ta'uusaanii ibsaniiru. Dargaggoo Eliyaas Azannee waraqaa eenyummaa dijitaalaa "Faayidaa" baafachuuf, dhimmoota ji'oota hedduu fudhatan daqiiqaa muraasa keessatti xumurachuu waanda'ameef, teekinoolojicha haala fooyya'een misoomsuun tajaajilicha amanamaa taasisuun akka barbaachisu ibseera. Naannoo Ummattoota Kibba-Lixaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan damee teeknoolojii tajaajila giddu-gala tokkoo Masoob Obbo Ahimad Huseen, giddu-galichatti ji'oota shan keessatti qofa lammiilee kuma 22 ol ta'aniif tajaajila kennuun danda'ameera jedhaniiru. Ragaan qorannoo sirnichaa tajaajilamtoota irraa fudhatame akka mul’isutti, itti quufiinsa maamiltootaa dhibbeentaa 97 tuqaa 8 geessisuun danda'ameera jedhaniiru. Naannichatti lammiileef tajaajila saffisaa fi amanamaa kennuuf sirna dijitaalaayizeeshinii cimaa ijaaruun cimee akka itti fufuu beeksisaniiru. Dhaabbanni tajaajila giddu-gala tokkoo "Masoob" Magaalaa Miizaan Amaan, Dhaabbileen Naannoo fi Federaalaa 9 tajaajiloota isaanii 38 akka kennan ta'ee kan gurmaa'eedha.
Hoj-maata Dijitaalaa Babal’isuun ragaa mirkaneessuu fi gurmeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa
Apr 20, 2026 1312
Ebla 12/2018(ENA)-Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee, hojiin dijitaalaan odeeffannoo mirkaneessuu fi gurmeessuu akka cimu ibsan. Tajaajilli Istaatistikii Itiyoophiyaa, Komishinii Siivil Sarviisii waliin ta'uudhaan, hojii odeeffannoo hojjettoota siivil sarviisii mirkaneessuu irratti mariin hubannoo cimsuu Magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira. Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee wayita sana akka jedhanitti, hojiin dijitaala odeeffannoo siivil sarvaantootaa mirkaneessuu fi gurmeessuu cimee hojjetamaa jira. Siivil Sarviisii Dijitaalaawaa dhugoomsuun faayidaa hedduu qabaachuu ibsuudhaan, odeeffannoo gurmaa'een sirna qabannaa odeeffannoo amansiisaa diriirsuuf saffisaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Naannichi xiyyeeffannoo kennee odeeffannoo hojjettootaa waraqaa eenyummaa Dijitaala (digital ID) waliin hojiin wal-qabsiisuu hojii odeeffannoo dijitaala gochuu (digitize) biyyoolessatti jalqabame ni saffisiisa jedhaniiru. Kanaanis, Odeeffannoo guddisuun Siivil Sarvaantii tajaajila kennu cimsuuf xiyyeeffannoo kennamuusaa ibsaniiru. Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannoo Afaar obbo Mahaammad Ahimad gama isaaniitiin, siivil sarviisii dijitaalaawaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru. Sirna qabannaa odeeffannoo fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuuf gumaacha olaanaa godhachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru. Marii kanarratti Daayireektaroonni Qabeenya Namaa Naannoo Afaar, kan Zoonii fi Aanaa hirmaachaa jiru.
Manni Murtii  Olaanaa Godinichaa Qabinsa ragaa fi kenna tajaajilaa Ammayyeessuun  itti quufinsa maamilaa guddisaa jira
Apr 20, 2026 701
Ebla 12/2018 (ENA)- Manni Murtii Olaanaan Godina Jimmaa qabinsa ragaa fi kenninsa tajaajilaa ammayyeessuun itti quufinsa maamilaa gudidsaa jiraachuun ibsame. Dhaabbilee Mootummaa " Dijitaala Itiyoophiyaa " hojiirra oolchaa jiran keessaa dhaabbileen haqaa adda durummaan eeramu. Haaluma kanaan, Manni Murtii Olaanaa Godina Jimmaa hoj-maata qabinsa odeeffannoo fi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuudhaan, tajaajilamtoonni bakka jiran ta’anii viidiyoo konfiraansiin dhaddacha akka hordofan taasisaa jira. Dhimma kana ilaalchisee, ENA’n tajaajilamtoota Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa fi Pirezidaantii Mana Murtichaa dubbiseera. Tajaajilamtoota mana murtichaa keessaa jiraataan Godina Jimmaa, Aanaa Maannaa obbo Jawaar Abbaarayyaa, adeemsa haqaa hordofuuf viidiyoo konfiraansii fi hoj-maanni dijitaala hojiirra ooluun isaanii, haqaa argachuuf gara Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa deemuuf baasii baasaa turan akka isaaniif hambise dubbataniiru. Jiraataan Aanaa Nadhii Gibee obbo Misbaah Sheek Iimaam gama isaaniitiin, akka jedhanitti, tajaajilli Dijitaalaa Mana Murtichaa hojii idilee isaanii irraa adda osoo hin bahiin, bakka jiran ta’anii haqa si’ataa akka argatan isaan dandeessisuu ibsaniiru. Tajaajilli dijitaalaa mana murtichaa odeeffannoo yeroo gabaabaa keessatti argachuuf kan gargaaruu fi hojii kan salphisu ta’uu Ogeettii seeraa fi Abukaattoo kan ta’an Taadalech Dhibaayuu ibsaniiru. Tajaajilli haqaa dijitaala ta’uun isaa tajaajilamaafis ta’e ogeeyyota seeraaf furmaata kenneera jedhaniiru. Rakkoolee Aanaatti furamuu hin dandeenyeef tajaajilamtoonni gara Magaalaa Jimmaa dhufuu hin qaban jechuun Abbaan seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, Taajuu Sharif ibsaniiru. Hoj-maanni ammayyaa kun tajaajilamtoonni iyyannoo isaanii ‘'e-faayiliin' (e-file) ergatanii, bakka jiran ta’anii falmachuu ykn dhimma isaanii hordofuu akka danda’an carraa bal’iseera jedhaniiru. Tajaajilli kun waraqaa malee kennamuunsaa, tajaajilicha ariifachiisuu bira darbee, Iftoomina Odeeffannoo uumuuf gargaaruusaa eeraniiru. Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, obbo Toofiq Shamsuu gama isaaniitiin, Godinichi kenniinsa tajaajila haqaa ammayyeessuu fi gahuumsa isaa dhugoomsuuf appilikeeshinoota garaagaraa hojiirra oolchuusaa ibsaniiru. Dhaddachi viidiyoo konfiraansii qulqullina qabuun gaggeeffamaa jiraachuusaa eeranii, himataaf, ol-iyyannoo fi tajaajiloota kana fakkaataniif gara Mana Murtii Olaanaatti dhufuu osoo hin barbaachisiin, Aanaa fi kilaastara gandaa taa’anii hordofuu akka qaban dubbataniiru. Dabalataanis, Godinichatti Aanaalee 19 keessatti, Waajjira Abbaa Alangaa fi Mana Murtii gidduutti tuttuqaa waraqaa malee, karaa dijitaalaan waljijjiirraa odeeffannoo saffisaa taasifamaa jira jedhaniiru. Fuuldurattis tajaajiloota sirna haqaa saffisiisan Aanaalee hunda keessatti babal'isuudhaan, " Dijitaala Itiyoophiyaa " dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuusaa ibsaniiru.
Yuunvarsiitichi hojiiwwan qorannoo Qonnarratti xiyyeefatee hojjetu Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jira
Apr 15, 2026 1170
Eebila 07/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Jimmaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan gaggeessaa jiru Qonnaan Bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu beeksise. Yunivarsiitiin Jimmaa hojii Barnootaa fi leenjii cinaatti, qorannoowwan gosa adda addaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan kanneen eeramanidha. Yunivarsiitichis qonnaan bultoota Godina Jimmaa fi naannolee biroo fayyadamoo taasisuuf xaa’oo uumamaa oomishuudhaan raabsaa jira. Xaa’oon uumamaa kun ‘baayoochaar’ (Biochar) irratti hundaa’e kan oomishamu yoo ta’u, fayyummaa biyyee fooyyessuudhaan oomishtummaa dabaluu fi naannoo miidhaa keemikaalarraa eeguuf gumaacha guddaa qaba. ‘Baayoochaarii’ jechuun, hafaa oomisha qonnaa fi baala ho’a ol’aanaan gubuu irraa kan argamu gosa cilee yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan akka cileetti itti fayyadamuuf osoo hin taanee, gabbina biyyee eeguun tursiisuufi. Kana malees, gabbina biyyee fooyyessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirama qilleensaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu ragaaleen ni agarsiisu. Itti Aanaan Diinii Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beelladootaa Yunivarsiitichaa, Dr. Fiqiramaariyaam Gadaa,Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo Hawaasa fayyadamoo taasisuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisan keessaa tokko xaa’oo baayoocharii irratti hundaa’e dhaqqabamaaa taasisuu akka ta’e himanii, hanga ammaatti qonnaan bultoonni 500 ol fayyadamoo ta’uusaanii dubbataniiru. Xaa’oo uumamaa kana giddu galeessa qorannoo Arsiittii fi Baatuu waliin ta’uudhaan gara qonnaan bultootatti babal’isuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kana malees Naannoo Sidaamaattis hojiirra oolchuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Yeroo ammaa Godina Jimmaa qofaatti qonnaan bultoonni 300 ol xaa'oo uumamaa kana fayyadamuurra darbee, leenjii fudhatanii ofiisaanii oomishaa jiraachuu eerameera. Barsiisaa fi qorataa Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beeyladootaa Yunivarsiitii Jimmaa, Doktar Milkiiyaas Ahimad, 'baayoochaariin' xaa'icha qopheessuuf barbaachisu kun, hafaa oomisha qonnaa fi baala tajaajila biraa irra hin oolle irraa kan qophaa'u ta'uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan Godina Jimmaa, Aanaa Deedoo, obbo Biyyaa Haajii, xaa'oo bu'aa qorannoo kanaa fayyadamanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii dubbataniiru.   Qonnaan Bulaan Aanaa sanaa kan biroo, obbo Raayyaa Abbaafiixaa, xaa'oo uumamaa qorattoonni dhiyeessan kana irratti shakkii akka qaban ibsanii, ta'us, bu'aa qabeessa ta'uusaa erga hubatanii booda, fayyadamuu qofa utuu hin taane gara hojii oomishuuttis seenuu isaanii himaniiru.
Ispoortii
Dorgommii atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu
Apr 18, 2026 148
Ebla 10 /2018 (ENA)- Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriiksi dorgommiin guyyaa tokkoo har’a Isstaadiyoomii Finfinneetti ni gaggeeffama. Itiyoophiyaan seenaasheetiin yeroo jalqabaaf dorgommii atileetiksii idli addunyaa keessummeessuuf carraa kan argatte Guraandhala 2018dha. Barreessaan olaanaa dorgommii atileetiksii addunyaa Piirsi Oklagan jalqaba baatii Guraandhalaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii giyyaa lamaa taasisuunsaanii kan yaadatamudha. Yeroo kanatti Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil addunyaa qopheesuuf humna ga’aa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan garagaraa gara Itiyoophiyaa akka dhufan ni goona jechuunsaanii ni yaadatama. Haaluma Kanaan dorgommiin atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu sagantaa dorgommii atileetiksii addunyaa kan wagga keessatti hammatameera. Mootummaan dorgommii seena qabeessa kanaaf qophii barbaachisu taasiseera. Dorgommiin har’a gaggeeffamu kun atileetonni Itiyoophiyaa qofti kan itti hirmaatanii fi atileetonni idil addunyaa kan uttu hirmaatan jechuun bakka lamatti qoodameera. Atileetota beekamoo dorgomicharratti hirmatan keessaa lammiin Ameerikaa Gaabii Toomaas fi lammiin Keeniyaa Fardiinaandi Omaniiyalaa keessatti argamu. Atileetonni Afriikaa, Awurooppaa, Isiyaa fi Ameerika Kaabaa dabalatee ardiiwwan garagaraarraa walitti dhufan 70 ol dorgommicharratti nihirmaatu. Atiileetonni kunneen walakkaa torbee kanarraa eegaluun Istaadiyoomii Finfinneetti shaakalaa turaniiru. Haarmosi Istaadiyoomii Finfinnee xumuramee dorgommiin qophii taasifameera. Dorgommiin kun teeknooloojiin deeggaramee kallattiin (Live Stream) ni tamsaasama. Kun ammoo maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuu fi tuurizimii Ispoortii guddisuuf faayidaa guddaa akka qabaatu ni eegama. Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriin Finfinnee sadarkaan Naasaa kan kennameefidha.
Naannichatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira
Apr 17, 2026 715
Eebila 9/2018 (ENA) : Naannoo Hararii keessatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii. Dorgommiin Liigii Manneen Barnootaa naannoo Hararii fi Ispoortii Barsiisotaa 2ffaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii mata duree "Dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf" jedhuun eegalameera.   Akka Bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii sirna baniinsa dorgommii kanaa irratti argamaniii dubbatanitti, barattoonni har'aa egeree Itiyoophiyaa kan bakka bu’u isin jedhani. Dhaloonni qaamaaf sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf shoora inni qabu olaanaa waan ta’eef dhaloonni ammaa kuni dubbisuu,qorachuufi biyyaa fi maatii isaaf gaachana ta’uu qaba jedhaniiru. Barattoonni miidiyaa hawaasaatiin hoogganamuu osoo hin taane, naamusaan qajeelaa ta’anii miidiyaa hawaasaa hoogganuu akka qabanis dubbataniiru. Ispoortiin hiriyummaa, tokkummaa fi nagaaf iddoo guddaa waan qabuuf dorgommii kana irratti ciminaan dorgomanii haala ispoortii fakkaatuun ga’umsa agarsiisuu qabu jedhan.   Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoo gama isaaniin akka himanitti, har’a Eebila 9, 2018 irraa eegalee torban afuriif kan turu dorgommii kanarratti manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa naannichaa hundi ni hirmaatu jedhani.   Dorgommiin kun dhaloota fayyaa fi sochiin gahoome manneen barnootaa keessatti uumuuf kutannoo qabnu kan argisiisnudha jedhani. Walitti dhufeenya barattootaa fi barsiisotaa cimsuu fi atileetota naannoo oomishuuf kaayyeffatee kan qophaa’e ta’uus himaniiru. Sagantaa jalqabsiisa dorgommii kanaa irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, barattoonni manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa naannichaa, barsiisotaa fi ogeeyyiin ispoortii hirmaataniiru.   Dorgommiin kun har'a magaalattii Istaadiyeemii Imaam Ahmaditti eegale. Fiigicha meetira 100 barsiisotaa irratti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Abaadir injifateera. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 120
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan.   Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 15, 2026 203
Eebila 07/2018 (ENA): Bulchiinsa Diree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan Fuduraa fi Bosonaa qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa naannichaa beeksise. Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban dhaabbatan Omishtummaa Qonnaa guddisuun hawaasa baadiyaa gargaaramuurraa gara omishtummaatti ceesisaa jiraachuun himameera. Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo,Bosonaa fi Qilleensaatti Daarektarri Misoomaa fi Eegumsa Bosonaa obbo Maasrashaa Yimar ENA’f akka ibsanitti, sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf bulchiinsichatti buufataalee biqiltuu 20 ol ta’anitti biqiltuuwwan adda addaa qulqullinaan qophaa’aa jiru jedhani.   Biiroo Qonnaa, Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii waliin qindoomuun biqiltuuwwan muduraa, bosonaa fi miidhaginaa biqilchuun dhaabbiif qophaa’aa jiraachuu obbo Maasrashaan ibsaniiru. Biqiltuuwwan Ganna bara kanaa dhaabbatan keessaa dhibbentaa 60 kan ta’an biqiltuuwwan garaa garaa haala ikkooloojii fi qilleensaa Dirree Dhawaa waliin kan wal simatan ta’uusaanii dubbataniiru. Bulchiinsichatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darban dhaabbatan keessaa dhibbeentaan 80 ol qabachuun, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf haala mijataa uumuurra darbee sagantaa Maaddii Guutuu bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. Abbaa Taayitichatti dursaan garee Misooma Bosonaa obbo Maammush Zoodee gamasaaniin, duula Ashaaraa magariisaa waggoottan torban darbaniin biqiltuuwan dhaabaman gammoojjummaa Dirree Dhawaa jijjiiruun lolaaf saaxilamuu magaalittii jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa gandoota baadiyaatti biqiltuuwwan kanneen akka Loomii, Paappaayyaa, Burtukaanaa fi kanneen biroon dhaabaman galii qonnaan bulaa dabaluunii fi carraa hojii dargaggootaa uumuun bu’aa qabatamaa argamsiisaniiru jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17292
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2678
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015