Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuu qabna
Dec 13, 2025 13
Mudde 4/2018(TOI)- Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuun akka barbaachisu himame. Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dirree Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxootti ijaarsise eebbisiiseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu akka dubbatanitti, Ispoortiin walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun aadaa waliin hojjechuu kan gabbisudha.   Industiriiwwan oomishaalee garagaraa oomishuuf hojiilee hojjetu bu’a qabeessa gochuuf humni namaa oomishuu danda’u murteessaadha jedhaniiru. Humna namaa qaban sirnaan itti fayyadamuuf, bu’a qabeessa gochuu fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf lammii omishaa fayyaansaa eegame ijaaruun diqama ta’uu hubachiisaniiru.   Dirreen Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxoo keessatti ijaarame hojjettoonni zoonii dinagdichaa fi hawaasni naannawichaa kan itti fayyadamu ta’uu beeksisaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa Qilinxoo Tolasaa Badhaadhaa gamasaaniin, dirreewwan Ispoortii kun hojjettoonni Ispoortii hojjechuun fayyaasaanii akka eegan ni taasisu jedhaniiru.   Dirreen Ispoortii kun kubbaa miilaa fi kubbaa kochoo dabalatee akaakuuwwan Ispoortii biroo hojjechuuf kan oolan akka ofkeessaa qabu eeraniiru. Hogganaan waajjira federeeshinii kubbaa koochoo Finfinnee Alamneh Siyyum akka biyyaatti hawaasa fayya buleessa uumuuf babal’achuun dirree Ispoortii gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.  
Hojiilee damee hedduun waggoottan jijjiiramaa hojjetamaniin bu’aaleen ariifataa ummata fayyadan galmaa’aniiru-Jiraattota magaalaa Adaamaa
Dec 13, 2025 26
Mudde 4/2018(TOI)- Hojiilee damee hedduun waggoottan jijjiiramaa hojjetamaniin bu’aaleen ariifataa ummata fayyadan galmaa’uusaanii jiraattota magaalaa Adaamaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun qophaa’ee jiraattonni magaalaa Adaamaa fi godina Shawaa bahaa irratti hirmaatan gaggeeffameera. Waggoottan jjjiiramaa keessumaa misooma kooriidaraa dabalatee milkaa’inoota misooma qonnaa fi kenniinsa tajaajilaatiin galmaa’an kaasaniiru. Hirmaataan Shaambal Tamasgeen Hayilamaaram, pirojektoonni magaalaa Adaamaatti hojjetaman magaalattii kan jijjiiranii fi hunda fayyadamaa kan taasisanidha jedhan.   Qamadii dabalatee misooma qonnaatiin misoomni kuduraa fi muduraa akkasumas maaddii guutuun jireenya namoota hedduu kan jijjiire ta’uu kaasaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuushee dhimma jiraachuu biyyaa gochuu Itiyoophiyaan abbaa ulaa galaanaa akka taatuuf tattaaffiin eegalame abdii guddaa kan nutti horedha jedhaniiru. Qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’anis fuuldura dhimmanii hojjechuu waan gaafatuuf tattaaffii ummataa fi mootummaa cimaa ta’e gaafata jedhaniiru. Hirmaattuun waltajjichaa Adde Zabiibaa Kadir, bu’aalee qabatamaa waggoottan jijjiiramaa argamaniif beekamtii kennuu fi hanqinoota jiran sirreessuun hunda keenyarraa eegama jedhaniiru.   Hojiileen waggoottan jijjiiramaa hojjetaman onnachiisoo waan ta’aniif fuulduras qaala’insa jireenyaa xiqqeessuu fi rakkoo mana jireenyaa furuun ni barbaachisa jedhaniiru. Qulqulina barnootaa mirkaneessuuf kitaaba dhiheessuurratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan. Godina Shawaa Bahaa aanaa Booraatti mariirratti kan hirmaatan obbo Tashoomaa Abarraa, misooma Qamadii dabalatee misoomni kuduraa fi muduraa milkaa’inni guddaan kan ittiin galmaa’e ta’uu ibsaniiru.   Magaalaa Adaamaa aanaa Wanjiirraa kan hirmaatan obbo Kabbadaa Zargaawu, hidha haaromsaa xumurree warshaa Xaa’oo, misooma gaazii uumamaa fi abbaa ulaa galaanaa ta’uuf hojiileen eegalaman ajaa’ibsiisaadha jedhaniiru. Waltajjii marii kan gaggeessan ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, Inisheetiiviiwwan damee qonnaa Qamadii, Ruuzii fi inisheetiiviiwwan biroo bu’a qabeessa gochuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa mootummaa isa ijoo ta’ee itti fufa jedhaniiru.   Tattaaffii tajaajila dijitaalaa, misooma industirii, carraa hojii uumuu fi qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf taasifameen bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu kaasanii fuulduras xiyyeeffannoon addaa kennameefii ni hojjetama jedhaniiru. Mariin har’aas waadaa ummataaf galamee fi hojiileen raawwataman eessarra akka jiran ilaaluun kallattii fuulduraarratti hubannoo wal fakkaataa qabaachuuf waan ta’eef ummanni hirmaannaa qindaa’aa gochuu qaba jedhaniiru.   Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa gamasaaniin, misoomni hawaasummaa fi dinagdee magaalaa Adaamaatti mul’achaa jiru cimee akka fulla’u hawaasni hirmaannaasaa itti fufuu qaba jedhaniiru.   Hogganaan biiroo barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo, magaalaa Adaamaa fi godina Shawaa Bahaatti nagaa waaressuun fayyadamni dinagdee ummataa akka mirkanaa’u akkasumas qulqullinnii fi waliin gahiinsa barnootaa akka babal’atu ni hojjetama jedhaniiru.  
Godinaalee  wallaggaatti  nageenya cimsuun  fayyadamummaa misoomaa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifaman bu’aa qabatamaa fidaniiru.
Dec 13, 2025 40
Mudde 4/2018 (TOI)- Godinaalee wallaggaatti nageenya cimsuun fayyadamummaa misoomaa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifaman bu’aa qabatamaa fidaniiru jechuun jiraattonni Magaalaa Naqamtee fi Godinalee wallagga lixaa dubbatan. Matad uree “ Labsiiwwan Guubaa bu’aawwan mootummaa Ida’amuu” jedhuun Mariin hawaasaa Jiraattota Magaalaa Naqamtee fi Godina wallagga bahaa hirmaachise gaggeeffameera. Marii Hawaasaa kanarratti Bulchaan naannoo Beniishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti qindeessaa kilaastara misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu fi hoggantoonni Godinaalee, Aanaalee fi Bulchinsota magaalaa argamaniiru. Hirmaattota Waltajjichaa kan ta’an jiraattonni magaalaa naqamtee fi naannooshee yaada kennaniin , mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo naannichaaf kenneen nageenya cimsuuu fi hojii misoomaa raawwachuuf haalli mijataan uumameera jedhaniiru. Hirmaattota marichaa keessaa Jiraataa Magaala Naqamtee fi jaarsa biyyaa Sheeh Naasir Nuuruu akka ibsanitti, godinichatti waggoottan darban rakkoon nageenyaa mudatee ture dhabamee, hojiin misoomaa hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis pirojektoota gurguddoo dabalatee misoomni hawaasummaa fi Diinagdee hedduun raawwatamaa waan jiruuf mootummaan galateeffamuu qaba jedhaniiru. Hojiiwwan misoomaa magaalichaaf carra gaarii fidan kanneen akka buufata Xiyyaara, ijaarsa daandii konkolaataa Naqamtee-Buree, misoomni koriidaraa, suphaa Daandii Naqamtee-Amboo, waarshaa industirii qindeessa qonnaa akka fakkeenyaatti kan kaasan sheeh Naasir nageenya uumameen misoomichi hirmaannaa keenyaan itti fufa jedhaniiru.   Jiraataan Aanaa Giddaa Ayyaanaa Damissoo Geetaachoo, hojiiwwan misoomaa naannichatti eegalaman itti fufinsa akka qabaataniif akka jiraataatti deeggarsa taassisan cimsanii akka ittifufan ibasaniiru. Dabalataanis Jiraataan Aanaa Eebantuu aanichi qabeenya dilbii qabu gara qabeenyatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaaf oolchuu qaba jechuun obbo Fiqaaduu Taammiruu ibsaniiru. Akkasuma jiraattuun aanaa Biilaa Aadde Shubbituu Galaan bu’uuralee misoomaa daandii dabalatee hojiiwwan misoomaa biroon akkaa hojjetamaniif nageenya naannoo keenyaa cimsinee eegganna jedhaniiru. Waltajjii marichaa kan gaggeessan Bulchaan Naannoo Beniishaangul Obbo Ashaadilii Hasan, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad labsiiwwan Guubaatti ifoomsan kan milkaa’an hirmaanna qindaa’aa hawaasaan ta’uu ibsaniiru. Waggoottan jijiiramaa darban qonnaan, daandiin, Barnootaa fi misooma Hawaasummaa fi Dinagdee biroon fayyadamummaa hawaasaa kan guddisan hojjetamaniiru. Fuuldurattis ummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun nageenya waaraa buusuun hojiiwwan misoomaa haala hunda galeessa ta’een akka raawwataman taassifamuu akka qaban hubachiisaniiru.   Hojiin misooma koriidaraa magaala Naqamteetti eegalame magaalicha jiijiiraa jiraachuu ibsuun kunis cimee akka ittfufuuf tattaafachuu qabna jedhaniiru. Gaaffiiwwan hirmaattota waltajjichaarra ka’an sirrii fi wayitaawaa ta’uu ibsuun qaammni mootummaa dhimmichi ilaallatu sadarkaa sadarkaan deebii akka itti kennu hubachiisaniiru. Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis Mootummaan naannichatti nageenyi waaraan akka bu’uuf xiyyeeffannoo kennee hojjechuusaan bu’an argameera jedhaniiru. Ministirri Muummee Boqonnaa malee Halkanii fi Guyyaa hojjechuun biyya keenya jijiiraa jiru, nuyis bakka jirrutti boqonnaa malee hojjechuun biyya keenya jijiiruu qabna jechuun ibsaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastara Misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu, naannichatti hojiiwwan misoomaa abdachiisoon hojjetamaa kan jiran waan ta’aniif hawaasni nageenyasaa cimsuun hojiiwwan kun itti fufinsa akka qabaatan gochuu akka qaban hubachiisaniiru. Gaaffiiwwan hirmaattonni waltajjichaa kaasan deebii ariifataa akka argatuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo kennee akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Milkaa’inoota qindoomina mootummaa fi ummataan argaman gabbisuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf ni hojjenna-jiraattota marii ummataa jimmatti gaggeeffamerratti hirmaatan
Dec 13, 2025 60
Mudde 4/2018(TOI)- Milkaa’inoota qindoomina mootummaa fi ummataan argaman gabbisuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf akka hojjetan jiraattonni marii ummataa jimmatti gaggeeffamerratti hirmaatanibsan. Kutaaleen hawaasaa godinaa fi bulchiinsa magaalaa Jimmaarraa walitti dhufan mata duree Labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun haala yeroo biyyaarratti marii gaggeessaniiru. Hirmaattonni yaada kaasaniin akka ibsanitti, jijjiiramaan asitti mootummaan milkaa’inoota misoomaa dinqisiisoo hedduu galmeessiseera. Misoomni magaalaa, hojiileen qonnaa baratti darban magaalaa jimmaatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophityaa badhaate dhugoomsuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf galmoota qabaman milkaa’uunsaanii eerameera. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii haasaa baniinsaa taasisaniin, bu’aaleen misoomaa qabatamaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsan galmaa’aniiru jedhaniiru. Gama qonnaa, Industirii, Turizimii, albuudaa fi dijitaalaan akkasumas carraa hojii gama uumuutiin dameelee misooma magaalaa fi kanneen biroonis hojiileen quubsaan hojjetamuusaanii dubbataniiru.   Labsiiwwan Gubaa ministira muummee DR Abiyyi Ahimadiin labsaman bayyanachuu Itiyoophiyaa kan dhugoomsanii fi guddina biyyaa si’oomsuu kan dandeessisanidha jedhaniiru. Hojiileen hojjetaman bu’a qabeessa waan ta’aniif baandaan keessaa fi alagaan alaa gaaffii abbummaa ulaa galaanaa dhaabsisuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Injifannoowwan gurguddoo qindoomina mootummaa fi ummataan argaman dhamdhamachaa milka’ina caaluuf qophaa’uun akka barbaachisu eeraniiru. Kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar barreeffama ka’umsa mariif dhiheessaniin, jijjiiramaan asitti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii deebisuuf magaalaa Jimmaatti hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuu dubbataniiru. Gama carraa hojii uumuu, misooma magaalaa, bu’ura misoomaa babal’isuu, oomishtummaa guddisuun, fayyadama hawaasummaa fi dinagdee ummataa caalaa mirkaneessuutiin bu’aaleen quubsaan galmaa’aniiru. Gaaffilee bulchiinsa gaarii ummatatti dhihaachuun deebisuuf bulchiinsi gandaa hedduun gurmaa’uusaanii eeranii, gama nageenyaatiinis ummata hirmaachisuun bu’aaleen galmaa’uu dubbataniiru.   Fuulduras dhiibbaa qaala;insa jireenyaa xiqqeessuuf, kenninsa tajaajilaa caalaa ammayyeessuu fi bu’uraalee misoomaa caalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon olaanaa kennamuu eeraniiru. Hirmaattonni yaada kaasaniin, jijjiiramaan asitti milkaa’inoonni akka misooma magaalaa, gama qonnaan ammo Qamadii, Shaayee akkasumas oomisha Ruuziitiin hojiileen baratti darban hojjetamaa jiru jedhaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabde abbummaan akka harkatti galfattu qoodasaanii akka bahan eeranii, dhaloonni sirriitti akka hubatu maneen barnootaatti hubannoon akka uumamu dubbataniiru. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee ijaarsaa naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii yada kennaniin, dhiibbaa qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon olaanaan taasifamuu eeranii, maaddii guutuu fi qonna magaalaatiin hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.   Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii furuuf bakka hundatti bulchiinsi gandaa diriirfamuu eeranii, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannicha bakkee shanitti gurmeeffamaa akka jiru eeraniiru. Itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo misooma Industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi waltajjicharratti akka jedhanitti, mootummaan fayyadama hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf misooma raawwacha akka jirudubbataniiru. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii, Itti aanaan Kntiibaa fi hogganaan biiroo misooma Industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi, Paartii badhaadhinaatti hoogganaan dame ijaarsaa waajjira damee naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii, bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir fi hirmaattonni magaalicharraa walitti dhufan waltajjicharratti argamaniiru.
Kan mul'ate

Dhaabbiee fayyaa babal’isuudhaan lammiileef filannoo wal’aansaa dhiheessuuf hojjetamaa jira-ministeera fayyaa
Dec 13, 2025 54
Sadaasa 4/2018(TOI)- Dhaabbiee fayyaa biyyattiitti babal’isuudhaan lammiileef filannoo wal’aansaa dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu ministeerri fayyaa beeksise. Waartuun baankii ijaa Yunivarsiitii Jimmaatti ijaarame bakka hooggantoonni federaalaa fi naannoo argamanitti har’a eebbifameera. De’eetaan ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa wayita kana akka jedhanitti, biyyattiitti dhaabbilee fayyaa babal’isuudhaan lammiilee filannoo wa’aansaakka argatan gochuuf hojjetamaa jira. Wiirtuun baankii ijaa ijaarame kun lammiilee wal’aansa barbaadaniif haala mijataa kan uumu ta’uu kaasaniiru. Keessumaa rakkoo agartuu sababa godaannisa qaroo ijaan dhufan wal’aanuuf wiirtuun kun shoora guddaa akka qabaatu eeraniiru.   Hoggantuun biiroo fayyaa naannoo Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaaniin, biirichi dhaabbilee fayyaa qaqqabamoo gochuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, Wiirtuun baankii ijaa ijaarame dhaabuuf deeggarsa gochuusaa dubbataniiru. Daarektarri olaanaa tajaajila dhiigaa fi tishuu Itiyoophiyaa Dr. Ashannaafii Taazzabawu, dhaabbatichi rakkoon mudaa ijaa yaaddessaa ta’uusaa hubachuun wiirtuuwwan wal’aansaa babal’isuuf deeggarsa gochaa jiraachuusaa ibsaniiru. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaa Fiixaa wiirtuu baankii ijaa kun wal’aansa ijaa namoota hedduu qaqqabsiisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Wiirtuun baankii ijaa har’a eebbifamee tajaajilaaf baname kun Yunivarsiitiin Jimmaa tajaajila dhiigaa fi tishuu Itiyoophiyaa fi biiroo fayyaa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun ijaarsisuusaa kaasaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Biyyoonni Afriikaa Bahaa walitti hidhamiinsa riijinii fi mirkanaa’uu nageenya waaraaf kutannoon hojjechuu qabu
Dec 12, 2025 174
Mudde 3/2018 (TOI)-Biyyoonni Afriikaa Bahaa walitti hidhamiinsa riijinii fi mirkanaa’uu nageenya waaraaf kutannoon hojjechuu akka qaban barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo hubachiisan. Wal gahiin koree ambaasaaddaroota IGAD kaleessa Jibutiitti gaggeeffameera. Barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo fi miseensonni koree ambaasaaddarootaa walgahicharratti argamaniiru. Koreen ambaasaaddarootaa IGAD tarsiimoo IGAD A.L.A bara 2026 amma 2030tti turu raggaasiseera. Dabalataanis Koreen kun bajata IGAD 2026 irratti mari’achuun hojiitti akka galu murteesseera. Kallattiiwwan hojii fuulduraa dhaabbata riijinichaas akeekeera. Riijinii nagaa, walitti hidhamee fi qormaata damdamatu ijaaruuf tumsii fi kutannoon waloo biyyootaa miseensotaa murteessaa ta’uu barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqunaa Gabayyoo wayita kana dubbataniiru. Karaa wal qabateen Koreen ambaasaaddarootaa IGAD walgahichaan cinaatti ijaarsi waajjira muummee haaraan IGAD maalirra akka jiru ilaaleera. Ijaarsi bu’ura misoomaa kun dandeettii dhaabbatummaa fi tumsa waloo cimsuuf akka gargaaru barreessaan olaanaa kun dubbachuusaanii odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophyaa Sakireetaariyaatii IGAD irraa argate nimul’isa. Koreen ambaasaaddaroota IGAD ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatota biyyoota miseensaa dhaabbata riijinichaa ofkeessatti qabata. Hojiileen ijoo Koree kanaa IGADiin gorsuu, hordoffii fi deeggarsa hojiirra oolmaa imaammataa, hojmaata biyyoota miseensotaa qindaa’aa gochuu, yaada gorsaa fi yaadota murtoo dhiheessuu ykn rggaasuudha.
Mariin Biyyoolessaa carraa jireenya keessatti yeroo tokko qofaa argamuu kan danda’u waan ta’eef, milkaa'ina isaaf garaagarummaa malee hirmaachuu qabna - Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa
Dec 12, 2025 156
Mudde 03/2018(TOI)-Mariin Biyyoolessaa carraa jireenya keessatti yeroo tokko qofaa argamuu kan danda’u waan ta’eef, milkaa'ina isaaf garaagarummaa malee hirmaachuu qabna jedhe Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa. Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Yaa’ii Guutuu Biyyaalessaa (National Plenary) jalqabuuf qophii xumuraa jiraachuu marii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti gaggeeffameen beeksiseera. Marichaan dhimmoota naannoo Tigraay dabalatee hojiiwwan hafan tokko tokko saffisaan xumuramuu kan dandeessisanii fi yeroo gabaabaa keessatti konfiraansii Marii Biyyoolessaa eegaluu danda’an irratti mariin bal’aan gaggeeffameera. Marii naannoo Tigraayitti gaggeeffamuuf hojiin haaldureewwanii raawwatamuu haala qindaa’aa ta’een kan gaggeeffame yoo ta’u, waltajjiiwwan duraa adda addaa kan bulchiinsa yeroo fi qooda fudhattoota biroo hirmaachise gaggeeffameera. Akkasumas waltajjiiwwan kanneen irraas yaadni galtee gaarii ta’u argamuu himameera. Dabalataan, Komishiniin Marii Biyyaalessaa mala haala naannichaa jiru tilmaama keessa galche fayyadamuun, ajandaa naannichaa qindeessuun, hirmaattoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaa filachuun hojii hafe xumuruuf waliigaltee irra ga’uu isaa ibsameera. Kanaafis ummanni Tigraay guutuun, paartileen siyaasaa naannicha keessa socho’an, hayyoonni, dhaabbileen hawaasa siivilii fi qooda fudhattoonni dhimmi kuni ilaallatu hojii komishinichaa ajandaa isaa milkeessuu fi hirmaattota konfiraansii naannoo Tigraay filachuu irratti guutummaatti akka deeggaran ergaan dabarfameera. Mariin Biyyoolessaa seenaa keessatti al tokko qofaa argamuu waan danda’uuf,hunduu milkaa’ina isaaf tumsuu akka qabu dhaamaniiru. Har’as balballi nagaa banaa ta’uu ibsuun, humnoota hidhatanii naannoo adda addaatti walitti bu’iinsa keessa jiran dabalatee, qaamni dhimma siyaasaa qaba jedhu kamiyyuu ajandaa isaa Komishinii Marii Biyyoolessaaf karaa nagaa akka dhiyeessu irra deebi’anii waamicha dhiyeessaniiru. Aadaa siyaasaa keenya duubatti hafe bu’uuraan jijjiiruuf tattaaffii taasifamu keessatti namni hundi gahee isaa akka ba’uu fi Yaa’iin Marii Biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramu waamicha dhiyeessuun Manni Marichaa marii kana xumureera. Marii kana irratti Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, itti aanaa Afyaa’ii, Mana maree Bakka bu’oota uummataatti Ministira itti waamamaa mootummaa, Hogganaa fi itti Aanaa Hogganaa Komishinii Marii Biyyaalessaa, komishiniinaroonni hundi, hoggantoonni koree dhaabbii dhimma dimokiraasii fi qooda fudhattoonni biroo hirmaataniiru.
Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti  Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera-Dr. Biqilaa Hurrisaa 
Dec 11, 2025 241
Mudde 02/2018(TOI)- Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera jedhan Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa. Yaadama bara koloneeffataan faaydaa mirkaneeffachuun akka hin danda’amne dubbataniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Doktar Biqilaa Hurrisaan Miidiyaa Palsi Of Afrikaa waliin haasaa taasisanin, Ministirri Dhimma Alaa Gibtsii Mahaammad Abdallaattii dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa ilaachisee yaada kennan cimsanii balaaleffataniiru. Masiriin yaada nagaafi tasgabbii booressu irraa of qusachuu qabdi jedhaniiru. Dabalataanis yeroon seenessa koloneeffataa Masriin laga Abbayyaa irratti adeemsisaa jirtu barri isaa irra darbeera jedhani. Yaanni Ministira Dhimma Alaa Masriin dhiyaate yaada yeroo ammaa kan hin madaalle ta’uu eeraniiru. Masiriin Laga Naayil anumti qofaan olaantummaan fudhachuu qaba kan jettu seenessa yeroo hin madaalle waan ta’eef nageenya naannawaafis sodaa keessaa kan galchu dha jedhani. Yaanni isaanii kuni immoo faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan faallessuufi fudhatama kan hin qabne ta’uu himani. Mootummaan Masirii Itiyoophiyaan akka hin tasgabboofneef garee ergamtootaa deeggaruun,filachuun hojiitti bobbaasuu eeruun,kuni amala itti gaafatamummaa hin qabne goolii uumuu ta’uu ibsaniiru. Gama mirga itti fayyadama bishaanii fi tumsa naannootiin yaada isaanii kan kaasan Ministirri kun, Itiyoophiyaan laga Abbayyaa harka caalu kan ishee uwwisu qabeenya ishee fayyadamuuf mirga seeraa qabdi jedhan. Gama biraatiin, gaaffiin Itiyoophiyaa mirga abbummaa ulaa galaanaa seera qabeessaa fi qajeelfama irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Hawaasni Idil Addunyaas gaaffii mirga abbummaa kana beekamtii kennaa jiraachuu ibsaniiru. Ejjennoon Masriin laga Abbayyaa qofatti fayyadamuu ishee yeroon kan irra darbee fi yaada koloneeffataa ta’uu isaa, akkasumas yaadaafi mala yeroon barbaadu waliin kan wal hin simne ta’uu akeekaniiru. Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera jedhani. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI

Hawaasummaa
Dhaabbiee fayyaa babal’isuudhaan lammiileef filannoo wal’aansaa dhiheessuuf hojjetamaa jira-ministeera fayyaa
Dec 13, 2025 54
Sadaasa 4/2018(TOI)- Dhaabbiee fayyaa biyyattiitti babal’isuudhaan lammiileef filannoo wal’aansaa dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu ministeerri fayyaa beeksise. Waartuun baankii ijaa Yunivarsiitii Jimmaatti ijaarame bakka hooggantoonni federaalaa fi naannoo argamanitti har’a eebbifameera. De’eetaan ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa wayita kana akka jedhanitti, biyyattiitti dhaabbilee fayyaa babal’isuudhaan lammiilee filannoo wa’aansaakka argatan gochuuf hojjetamaa jira. Wiirtuun baankii ijaa ijaarame kun lammiilee wal’aansa barbaadaniif haala mijataa kan uumu ta’uu kaasaniiru. Keessumaa rakkoo agartuu sababa godaannisa qaroo ijaan dhufan wal’aanuuf wiirtuun kun shoora guddaa akka qabaatu eeraniiru.   Hoggantuun biiroo fayyaa naannoo Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaaniin, biirichi dhaabbilee fayyaa qaqqabamoo gochuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, Wiirtuun baankii ijaa ijaarame dhaabuuf deeggarsa gochuusaa dubbataniiru. Daarektarri olaanaa tajaajila dhiigaa fi tishuu Itiyoophiyaa Dr. Ashannaafii Taazzabawu, dhaabbatichi rakkoon mudaa ijaa yaaddessaa ta’uusaa hubachuun wiirtuuwwan wal’aansaa babal’isuuf deeggarsa gochaa jiraachuusaa ibsaniiru. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaa Fiixaa wiirtuu baankii ijaa kun wal’aansa ijaa namoota hedduu qaqqabsiisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Wiirtuun baankii ijaa har’a eebbifamee tajaajilaaf baname kun Yunivarsiitiin Jimmaa tajaajila dhiigaa fi tishuu Itiyoophiyaa fi biiroo fayyaa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun ijaarsisuusaa kaasaniiru.
Foramiin Dargaggoota Afriikaa Itiyoophiyaatti ni gaggeeffama
Dec 13, 2025 37
Mudde 4/2018 (TOI)- Foramiin dargaggoota Afriikaa Mudde 7 fi 8 bara 2018 Magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama. Foramichi mata duree “Dhiheessii Faayinaansii fooyyessuu, Innoveeshinii jajjabeessuu fi carraa hojii babal’isuun dargaggoota gahoomsuu” jedhuun gaggeeffama. Waltajjii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishiniin dinagdee Afriikaa (ECA) qopheesse kanarratti hirmaatttonni 300 ol qaamaan kan hirmaatan yoo ta’u, 700 ol immoo filannoowwan karaa intarneetaan akka hirmaatan gabaafameera. Dargaggoonnni gaggeessitoonni, Innoveetaroota, Imaammata baastonnii fi deeggartoonni misoomaa akka hirmaatan eerameera. Hoggantoonni Itiyoophiyaa, Yugaandaa, Gaanaa, Zaambiyaa fi Kaameruun dabalatee biyyoota Afriikaa garagaraa irraa dhufan foramii kanarratti ni hirmaatu. Waldaa Dargaggootaa Indaraasee fi Dhaabbata Misooma Idil-Addunyaa SNV taatee kana waloon qophessaniiru. Foramiin waltajjiiwwan dargaggoo sadarkaa Afriikaatti dargaggootaan durfamanii dhiibbaa uuman keessaa tokko kan ta’e yaada haqaan durfamu kiisii 2025 gamtaa Afriikaa fi ajandaa 2063 waliin kan walitti hidhate ta’uun beekameera. Foramichi Carraa hojii Uumuu dargaggootaa, Dhiheessii Faayinaansii, dandeettii daldalaa fi Kalaqarratti kan xiyyeeffate ta’uu qopheessitoonni taatee kanaa ibasaniiru. Tumsa yeroo dheeraa carraawwan Diinagdee Dargaggoota fayyadamoo taassisan irratti xiyeeffatameera. Foramiin dargaggoota Afriikaa dargagoonni hirmaattota Misooma Afriikaa fi human jijiiramaa taasisuuf kan deeggaru ta’uun eerameera. Afriikaan Ardii Dargaggoota hedduu qabdu yoo taatu dhibbentaa 60 ol kan ta’an uummannishee umriinsaanii 25 gadidha. Bu’aan hawaasaa kun ce’umsa Dinagdee fi Innoveeshiniif humna guddaa ta’ee tajaajila. Bu’aawwan dargaggootaa fayyadamuuf barnootaan, hojii gaariin(Decent Work) fi hirmaannaa Dargaggootaarratti invast gochuun akka barbaachisu ni eerama. Foramiin dargaggoota Afriikaa yeroon Afriikaa fuulduraa kan bocamu dargaggootaan ta’uu fi hirmaannaansaanii guutuun jijjiirama Ardii fi badhaadhinaaf murteessaa ta’uu ergaan badhaadhinaa kan darbu ta’uu qopheessitoonni fooramichaa beeksisaniiru. Fooramicharrtti daawwannaan hojii kalaqa dargaggootaa kan itti dhihaatu yoo ta’u hirmaattonni sagantichaa hojiiwwan adda addaa magaalaa Finfinneetti hojjetaman ni daawwatu jedhamee eeggama.
Ogeeyyonni Aartii faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka eegamu yeroo hunda hojjechuu qabu
Dec 13, 2025 36
Mudde 4/2018(TOI)-Ogeeyyonni Aartii faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka eegamu yeroo hunda hojjechuu akka qaban de’eetaan ministiraa Aadaa fi Ispoortii gargaaraa piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee ibsan. Waltajjiin marii aartii fi kalaqaa ogummaa aartii damee misooma kalaqaa industirii aartiin gaggeeffamaa jira. De’eetaan ministiraa Aadaa fi Ispoortii gargaaraa piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee wayita kana akka jedhanitti, kanneen Itiyoophiyaan guddaa taasisanii itti fufan keessaa artistoota hortedha jedhaniiru.   Mootummaan damee artiif xiyyeeffannoo kennee hojii hedduu hojjechuusaa dubbataniiru. Hojii misoomaa Finfinneetti hojjetamaa jiruun bakkeewwan ogummaa aartii dinqisiisoon ijaaramuusaanii eeranii, qaamolee kana raawwatanis galateeffataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ogeeyyota Artii waliin mari’achuusaanii yaadachiisaniiru. Kaayyoon waltajjii har’aa kun yaadota marii sanaan adda baafamanii fi kallattiiwwan kaa’aman irratti mari’achuuf akka ta’e dubbataniiru. Sanadiin wixinee imaammataa aartiiwwanii qophaa’uusaa ibsanii, waltajjii Kanaan akka irratti mari’atamu dubbataniiru. Akkasumas artistoonni sagalesaanii kan itti dhageessifatan sanadiin kaawunsilii aariiwwanii xumuramuusaa fi waltajjii Kanaan akka irratti mari’atamus dubbataniiru. Dabalataanis qajeelfamni gurmaa’insa waldaalee irrattis mariin akka gaggeeffamu himaniiru. Ogeeyyonni Artii bal’inaan kan irratti hin hojjenne faayidaa biyyaalessaa ta’uu eeranii, faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka eegamu yeroo hunda hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.     Gorsaan dhimma hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat, daarektarri olaanaa maneen galmee fi mana kitaabaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibhaat, ogeeyyonni aartii angafoonni, hooggantoonni biiroo aadaa fi Ispoortii naannolee waltajjicharratti argamaniiru.
Diinagdee
Hojiilee damee hedduun waggoottan jijjiiramaa hojjetamaniin bu’aaleen ariifataa ummata fayyadan galmaa’aniiru-Jiraattota magaalaa Adaamaa
Dec 13, 2025 26
Mudde 4/2018(TOI)- Hojiilee damee hedduun waggoottan jijjiiramaa hojjetamaniin bu’aaleen ariifataa ummata fayyadan galmaa’uusaanii jiraattota magaalaa Adaamaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun qophaa’ee jiraattonni magaalaa Adaamaa fi godina Shawaa bahaa irratti hirmaatan gaggeeffameera. Waggoottan jjjiiramaa keessumaa misooma kooriidaraa dabalatee milkaa’inoota misooma qonnaa fi kenniinsa tajaajilaatiin galmaa’an kaasaniiru. Hirmaataan Shaambal Tamasgeen Hayilamaaram, pirojektoonni magaalaa Adaamaatti hojjetaman magaalattii kan jijjiiranii fi hunda fayyadamaa kan taasisanidha jedhan.   Qamadii dabalatee misooma qonnaatiin misoomni kuduraa fi muduraa akkasumas maaddii guutuun jireenya namoota hedduu kan jijjiire ta’uu kaasaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuushee dhimma jiraachuu biyyaa gochuu Itiyoophiyaan abbaa ulaa galaanaa akka taatuuf tattaaffiin eegalame abdii guddaa kan nutti horedha jedhaniiru. Qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’anis fuuldura dhimmanii hojjechuu waan gaafatuuf tattaaffii ummataa fi mootummaa cimaa ta’e gaafata jedhaniiru. Hirmaattuun waltajjichaa Adde Zabiibaa Kadir, bu’aalee qabatamaa waggoottan jijjiiramaa argamaniif beekamtii kennuu fi hanqinoota jiran sirreessuun hunda keenyarraa eegama jedhaniiru.   Hojiileen waggoottan jijjiiramaa hojjetaman onnachiisoo waan ta’aniif fuulduras qaala’insa jireenyaa xiqqeessuu fi rakkoo mana jireenyaa furuun ni barbaachisa jedhaniiru. Qulqulina barnootaa mirkaneessuuf kitaaba dhiheessuurratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan. Godina Shawaa Bahaa aanaa Booraatti mariirratti kan hirmaatan obbo Tashoomaa Abarraa, misooma Qamadii dabalatee misoomni kuduraa fi muduraa milkaa’inni guddaan kan ittiin galmaa’e ta’uu ibsaniiru.   Magaalaa Adaamaa aanaa Wanjiirraa kan hirmaatan obbo Kabbadaa Zargaawu, hidha haaromsaa xumurree warshaa Xaa’oo, misooma gaazii uumamaa fi abbaa ulaa galaanaa ta’uuf hojiileen eegalaman ajaa’ibsiisaadha jedhaniiru. Waltajjii marii kan gaggeessan ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, Inisheetiiviiwwan damee qonnaa Qamadii, Ruuzii fi inisheetiiviiwwan biroo bu’a qabeessa gochuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa mootummaa isa ijoo ta’ee itti fufa jedhaniiru.   Tattaaffii tajaajila dijitaalaa, misooma industirii, carraa hojii uumuu fi qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf taasifameen bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu kaasanii fuulduras xiyyeeffannoon addaa kennameefii ni hojjetama jedhaniiru. Mariin har’aas waadaa ummataaf galamee fi hojiileen raawwataman eessarra akka jiran ilaaluun kallattii fuulduraarratti hubannoo wal fakkaataa qabaachuuf waan ta’eef ummanni hirmaannaa qindaa’aa gochuu qaba jedhaniiru.   Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa gamasaaniin, misoomni hawaasummaa fi dinagdee magaalaa Adaamaatti mul’achaa jiru cimee akka fulla’u hawaasni hirmaannaasaa itti fufuu qaba jedhaniiru.   Hogganaan biiroo barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo, magaalaa Adaamaa fi godina Shawaa Bahaatti nagaa waaressuun fayyadamni dinagdee ummataa akka mirkanaa’u akkasumas qulqullinnii fi waliin gahiinsa barnootaa akka babal’atu ni hojjetama jedhaniiru.  
Jireenya lammiilee bu’uurarraa jijjiiruuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa – kantiibaa Adaanach Abeebee
Dec 13, 2025 38
Mudde 4/2018 (TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee jireenya lammiilee bu’urarraa jijjiiruuf hojiiwwan hojjetu cimsee akka ittifufu Kantiibaa Adaanacha Abeebee Ibsan. Kantiibaa Adaanach Abeebee lammiilee fayyadamtoota seeftiineetii kan turaniif gamoo omishaa fi gurgurtaaf Kutalee Magaalaa Afuritti ijaarame dabarsanii kennaniiru. Kantiibaan kun ergaa saganticharratti dabarsaniin Bulchiinsi Magaalicha fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf hojii bu’aa qabeessa hojjechaa jira. Lammiilee galii xiqqaa fi fayyadamtoota sagantaa seeftiineetii ta’an fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Isaan keessaa har’a dabarfamee kan kenname bakki hojii fi gurgurtaa jiraattota gargaaramuurraa gara omishtummaatti kan ceesisu ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.   Walii gala fayyadamtoota wabii nyaata kuma 520 ta’an gara dameelee hojii adda addaatti akka ce’an taasisuun bu’uurarraa jireenyasaanii akka jijjiiramuuf hojjetamaa jirachuu beksisaniiru. Fuuldurattis lammiilee wabii nyaataan hammataman jireenyasaanii akka fooyyeffataniif hojiin hojjetamu cimee itti fufa jedhaniiru. Fayyadamtoonni Gamoo bakka hojii fudhatan cimanii hojjechuun jireenya mataasaanii jijiiruurra darbee kanneen biroof carraa hojii uumuu akka qaban hubachiisaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti Gaafatamaan Biiroo Carra Hojii Uumuu Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos akka jedhanitti, bulchiinsi magaalichaa lammiileen damee hojii adda addaarratti bobba’anii qabeenya akka horatan taassisaa jira jedhaniiru. Irra caalaatti fayyadamoo carraa hojii uumuu ta’uurra darbee bu’aa qabeessa akka ta’an gochuuf leenjiiwwan adda addaa akka fudhan taassifamaa jiraachu dubbataniiru.   Guyyaa har’aa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalotaa Aqaaqii qaallittii, Ekkaa fi Qiirqoositti Gamoowwan ijaaraman lammiilee fayyadamtoota sagantaa saaftineetii turaniif dabarfamee kennamuu ibsaniiru. Walii gala guyyaa har’aa Intarpiraayizoota 292 fi bakka bu’oonni maatiiwwanii 976 fayyadamoo carraa hojii ta’uusaanii ibsaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun Kantiibaa Adaanach Abeebee lammiilee galii gad aanaan jiraataaniif Mana Jireenyaa Kutaa Magaalaa Lidataa dabarsanii kennaniiruuf.
Korporeeshiniin hojiiwwan Qonna Itiyoophiyaa Omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuuf dhiheessii sanyii filatamaaf xiyyeeffannoon kennameera
Dec 12, 2025 155
Mudde 3/2018(TOI)-Korporeeshiniin hojiiwwan Qonna Itiyoophiyaa Omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuuf kan dandeessisan dhiheessii sanyii filatamaaf xiyyeeffannoon kennamuun ibsameera. Korporeeshinichatti Hojii raawwachiisaan damee Sanyii filatamaa obbo Zannabaa Waldasillaasee TOI’f akka ibsanitti, omishaa fi omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taassifamuun sanyii filatamoo baay’isuun qonnaan bultootaaf raabsaniiru.   Kanaafis korporeeshinichi bara omishaa 2017/18 waktii gannaan lafa hektaara kuma 20 fi 300 irratti sanyii filatamaa misoomsuun ibsameera. Korporeeshinichi lafasaarratti kan omishu dabalatee walii galtee qonna Kontoraataan Abbootii Qabeenyaa fi Qonnaan Bultoota hirmaachisuun sanyii baay’iseera. Sanyii baay’isuun lafa misoomerraa omishni kuntaalli kuma 463 fi 800 ol akka eegamu hubachiisaniiru. Omishaa fi Omishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf teekinooloojii fi sanyii filatamaa haaraa dhaqqabamaa taassisuusaa kaasaniiru. Keessumaa dhiheessii sanyii filatamaa dabaluu fi haala barbaadameen dhaqqabummaa guddisuuf interpiraayizoota sanyii filatamoo naannoolee fi Wiirtuuwwan Qorannoo waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu Obbo Zannabaan ibsaniiru. Korporeeshinichi Sanyii filatamaa Qonnaan Bultootaaf dhaqqabamaa taassisuun cinatti omishtummaasaa guddisaa deeggarsa ogummaa taassisuusaa dubbataniiru. Qulqullinaan, baay’inaanis, bal’inaanis omishuuf qorannoowwan qonnaa Inistitiyuutii Qonna Itiyoophiyaa jala jiranii fi intarpiraayizoota sanyii filatamoo naannoolee waliin tumsaan hojjechaa jira jedhaniiru.   Kanaanis qamadii fi Boqqolloon qorannoo qonnaa Qulumsaatti, akkasumas sanyii filatamaa Boqqolloon wiirtuu qorannoo qonnaa Baakkoo waliin sanyii ka’umsaa baay’isuurratti tumsaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugalichi teekinooloojii sanyii fooyya’aa qindaawaa ta’e kan qulqullina qabuu fi baay’ina qabu qulqullina fooya’een, hangaa fi gosaan qonnaan bulaaf yeroon dhiheessuuf qooda olaanaa gumaachuu dubbataniiru.
Qonnaan Bultoonni Godina Baalee Buna qulqullinasaa eeggate walitti qabuun Dorgomaa gabaa ta’uuf hojjechaa jiru
Dec 12, 2025 90
Mudde 3/2018(TOI)-Nannoo Oromiyaa Godina Baaleetti buna qulqullinnisaa eegame walitti qabuun dorgomaa gabaa ta’uuf hojjechaa jiraachuusaanii Godinichatti Qonnaan Bultoonni Harannaa Bulluq ibsan. Godinichatti Aanaawwan bunni omishamutti lafa hektaara kuma 44 ol ta’u misoome haala qulqullina gidduugaleeffateen funaanamaa jiraachuu ibsaniiru.   Qonnaan bultoota Harannaa Bulluq misoomicha hojjechaa jiran keessaa Obbo Ahimad Huseen yaada kennaniin, bara kana xiyyeeffannoo qulqullina bunaaf kennameen omisha bunaarratti leenjii hojii qabatamaa fi deeggarsi meeshaalee qulqullina eegsisan taassifamaafii jirachuu dubbataniiru. Kanaanis buna diimate funaananii shiboo buna gogsu deeggarsaan argatan irratti gogsuun galii bara darbee caalaa argachuufhojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Muuxannoo yeroo dheeraa Misooma bunaarratti hirmaachuu qabaatanis sababa sanyii filatamaa fayyadamuu dhabuun hanga dadhabbiisaanii fayyadamoo akka hin taane kan ibsan immoo qonnaan bulaa biroo Usmaan Mahaammadi.   Waggoottan Afran darbanii asitti mootummaan sanyii bunaa fooya’aa akka argatan gochuun cinaatti buna diimate qofa funaanuun buna qulqullina qabu gabaaf akka dhiheessan deeggarsaa fi hordoffii taasisuusaatiin fayyidaan damicharraa argatan guddachaa dhufuu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni kun buna omishan hektaara tokkorraa callaa kuntaala 9 hanga 10 akka abdatan dubbataniiru. Godina Baaleeetti lafti hektaarri kuma 68 ol irra biqiltuun bunaa kan dhaabbate ta’uun ibsameera. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Mu’aawwiyaa Fu’aad TOI’f akka ibsanitti, omishtummaa bunaa guddisuun omisha qulqullina qabu gabaa gidduu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.   Kanaanis rakkoowwan yeroo walitti qabuu mudatu sirreessuuf qonnaan bultoonnii fi qooda fudhattoonni qulqullina bunaarratti leenjii hojii qabatamaarratti hundaa’e kennamuu yaadataniiru. Qonnaan bultoonni qulqullina bunaa eegisisuuf buna diimate qofa akka funaanan, siree shiboorratti yookiin simmintoorratti akka gogsaniif leenjii hubannaa fi deeggarsa meeshaa kennamuu kaasaniiru. Godinichatti yeroo ammaa buna lafa hektaara kuma 44 caalurratti misoome haala qulqullinaan funaanamaa jiraachuu ibsaniiru. Tattaaffii hanga ammaatti taassifameen Buna Lafa Hektaara kuma 31 ol irratti misoomerraa funaanamuu eeruun, Buna Sadarkaasaa eeggate kuntaala kuma 312 caalu walitti qabuu danda’uu beeksisaniiru. Xiyyeeffannoo omishaa fi qulqullina bunaaf kennameen buna hektaara tokkorratti omishamurraa kuntaala 10 walitti qabuun danda’amuu kan eeran hogganaan itti aanaa kun, sadarkaan qulqullinaa fooyya’aa dhufuusaan buni gabaa gidduugaleessaaf dhihaatu gara toonii kuma 15tti guddisuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Leenjiin Koodarsii kenna Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuuf nu deeggareera– Hojjettoota
Dec 12, 2025 114
Mudde 3/2018(TOI)-Leenjiin Koodarsii kenna Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuuf isaan gargaaruusaa hojjettootni mootummaa Godina Gujii ibsan. Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti hojjettoonni Mootummaa Magaalaa Adoolaa Leenjii Itiyoo koodarsii fudhatan keessaa Guddataa Gammadaa tokko. Leenjichi teekinooloojiin of gahoomsuun maamiltootaaf tajaajila si’ataa kennuuf humna dabalataa akka ta’u dubbateera. Leenjichaan beekumsa Saayinsii kompiitaraa fi hubannaa namtolchee argagachuu milkaa’ina hojiif akka isa gargaare ibseera. Yaada dargagoo Gammadaa kan qooddatan immoo hojjetaan mootummaa kan biraan Dargaggoo Dastaa Halakee gamasaan, leenjichi beekumsaa fi teekinooloojii qindeessuun dandeettii dorgommi guddifachuu dubbateera. Leenjicha Xumuruun Waraqaa ragaa fudhachuusaa ibsuun, leenjichi gahumsaa fi dorgomummaa lammiilee guddisuun hojii fooya’aaf kaka’umsa kan uumudha jedheera . Carraa kanatti fayyadamuun hoj-maata ammayaa’aa hojiirra oolchuuf beekumsaa fi dandeettiin ga’oomuuf namni hundi leenjicha fudhachuun misooma biyyaaf qoodasaa bahuu akka qabu muuxannoosaa qoodeera. Waajjira Sivilsarvisii Godinichaatti Dursaan garee misooma humna namaa Biiluu Sorsaa Beekumsaa fi dandeettii hojjettoota Mootummaa guddisuuf hojjettoota kuma 25 leenjii Itiyoo Koodarsi akka fudhataniif karoorfamuu ibsaniiru. Leenjichi Dinagdee Dijiitaalaa Ijaaruuf tattaaffii taassifamu kan deeggaru ta’uu eeruun hanga ammaatti godinichatti hojjettoonni kuma 23 fi 456 leenjicha xumuranii waraqaa ragaa fudhachuusaanii eeraniiru. Leenjichi hojjettoonni Mootummaa Teekinooloojii Addunyaa waliin wal beeksisuun hojmaata gahoomee fi dorgomaa akka hordofan karoorfamuu ibsaniiru. Kunis teekinooloojiin deeggaramuun fi tajaajila si’ataa kennuuf kan gargaaru ta’u hubachiisaniiru.
Finfinneetti tajaajiloota itti quufinsa ummataa guddisan qaqqabamaa taasisuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Dec 11, 2025 146
Mudde 2/2018(TOI)-Finfinneetti tajaajiloota itti quufinsa ummataa guddisan qaqqabamaa taasisuuf hojiin hojjetamu cimee akka itti fufu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gamoolee bulchiinsa aanaa Ismaarti ta’an kan magaalattiitti kenniinsa tajaajilaa saffisiisan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Gamooleen bulchiinsaa eebbifaman kutaa magaalaa Lidataa aanaa 2, kutaa magaalaa Laaftootti aanaa 12 fi aanaa 1 tti argamanidha. Gamooleen kunneen tajaajiloota mootummaa garagaraa karaa walsimee fi saffisaan qaqqabsiisuuf kan dandeessisan yoo ta’u biirolee tajaajila kennan, galmoota wal gahii fi bkka konkolaataan dhaabatu kan of keessaa qabanidha. Gamoowwan kunneen bakka daa’imni keessa turan, bakkeewwan magariisaa dabalatee tajaajiloota mijataa qama miidhamtootaaf kennuu dandeessisan ta’uu saganticharratti ibsameera. Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti,tajaajila ummata guddachaa dhufeef tajaajila madaalawaa kennuu kan dandeessisan yeroon gaafatu qaqqabsiisuun amma jedhaniiru. Bulchiinsi tajaajila si’ataa fi walsimate kennuuf hojii hojjetu cimsee itti fufuusaa ibsaniiru. Gamooleen tajaajila Ismaartii kennan kan har’a bakka sadiitti eebbifaman agarsiiftuu tattaaffii kanaati jedhaniiru. Tajaajila kennamu caalaatti bu’a qabeessa akka ta’u gamoo jaaruun gamatti ijaarsa human namaaf xiyyeeffannoon guddaan kennamuu ibsaniiru. Tajaajila kennitoonni ogummaa fi ilaalchaan akka ciman hojjetamaa jiraachuu eeranii, gama Kanaan miseensonni hooggansa magaalaa waan irraa eegamu bahachuu akka qaban cimsanii kaasaniiru. Gamoowwan tajaajila Ismaartii kennan kan har’a eebbifaman irraa jalaan kutaalee magaalaa birootti akka babal’atan mirkaneessaniiru.
Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha
Dec 11, 2025 143
Mudde 02/2018(TOI)- Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha jechuun ibsan Barreessaa Olaanaan Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee. Daldala biyyoota Afriikaa mijeessuuf maallaqa waloo hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uus cimsanii dubbataniiru. Yaa’iin Waggaa Kaffaltii Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2ffaa gaggeeffameera. Barreessaa olaanaan naannoo daldala walaba ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee yaa’icha irratti akka jedhanitti, daldala Afrikaa keessaa waggaatti doolaara biiliyoona shan ta’u bittaa fi gurgurtaa raawwatamu haala mijeessuudhaan galma maallaqa waloo qabame ardii kanaaf galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Barreessaan olaanaan kuni akka jedhanitti daldalli ardii kanaa maallaqa qaama sadaffaatiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis lammiilee Afrikaa baasii hin barbaachifneef saaxilaa jira. Daldala biyyoota Afrikaa gidduutti adeemsifamu baasii kan qusatu, ammayyaa fi saffisaa taasisuuf maallaqni waloo ardii hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru. Daldala ardii kanaa keessattis sirni saffisa qabu kan biyyoonni maallaqa ofiitiin daldala gaggeessan diriiruu akka qabu ibsaniiru. Naannoon Daldala Walaba Ardii Afrikaas sirna daldala biyyoota Afrikaa gidduu jiru haala mijeessuuf yaada uumuun gahee isaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama dijitaalaa irratti guddina milkaa’aa agarsiisaa akka jirtus barreessaan onaanaa kuni hubachiisaniiru.
Miidiyaaleen Faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi Ijaarsa Seenessa walorratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabu
Dec 11, 2025 97
Mudde 2/2018(TOI)- Miidiyaaleen Faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi Ijaarsa Seenessa walorratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Mana Maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan Koree dhaabbataa Dhimmoota Dimokiraasii Unatuu Allanaa ibsan. Miidiyaan sirna Dimokiraasii dagaagsuuf, iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, Hawaasa dammaqee fi guddina Dinagdee mirkaneessuuf , dhaqqabamummaa odeeffannoo fi barsiisuun qooda olaanaa qabaachuun ni beekkama. Mana Maree Bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan Koree dhaabbataa Dhimmoota Dimokiraasii Iwunatuu Allanaa TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaatti hojiiwwan Aadaa Dimokiraasii dagaagsan, tokkummaa cimsanii fi faayidaa biyyoolessaa eegsisan hojjetamaa jiru. Ijaarsa Sirna Dimokiraasii keessatti yaadni caalmaa fi hedduumminni murteessaadha kan jedhan walitti qabaan kun, kanaafis shoora Miidiyaa guddisuuf hoj-maanni mijataan diriirfamuu dubbataniiru. Kanaafis odeeffannoowwan tamsa’an faayidaa biyyoolessaa kan hin miine, waloomaa fi tokkummaa ummattootaa kan hin diigne ta’uu qaba jedhaniiru. Miidiyaan qabiyyee dabarsu irratti garaagarummaan jiraachuun akka hin oolle ibsuun, ergaawwan darban ka’umsa walitti bu’insaa, akka hin taane of eeggachuu akka qaban hubachiisaniiru. Itiyoophiyaanonni kabaja biyyaa fi faayidaa biyyoolessaaf tokkummaa fi ejjennoon akka hiriiran Injifannoon Adawaa mallattoo barri hin jijjiirredha kan jedhan dura taa’aan kun keessuma dhimmicharratti garaagarummaan jiraatanis biyya dursuu qabu jedhaniiru. Miidiyaan faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi ijaarsa seenessa waloorratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban cimsanii ibsaniiru.
Ispoortii
Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuu qabna
Dec 13, 2025 13
Mudde 4/2018(TOI)- Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuun akka barbaachisu himame. Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dirree Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxootti ijaarsise eebbisiiseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu akka dubbatanitti, Ispoortiin walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun aadaa waliin hojjechuu kan gabbisudha.   Industiriiwwan oomishaalee garagaraa oomishuuf hojiilee hojjetu bu’a qabeessa gochuuf humni namaa oomishuu danda’u murteessaadha jedhaniiru. Humna namaa qaban sirnaan itti fayyadamuuf, bu’a qabeessa gochuu fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf lammii omishaa fayyaansaa eegame ijaaruun diqama ta’uu hubachiisaniiru.   Dirreen Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxoo keessatti ijaarame hojjettoonni zoonii dinagdichaa fi hawaasni naannawichaa kan itti fayyadamu ta’uu beeksisaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa Qilinxoo Tolasaa Badhaadhaa gamasaaniin, dirreewwan Ispoortii kun hojjettoonni Ispoortii hojjechuun fayyaasaanii akka eegan ni taasisu jedhaniiru.   Dirreen Ispoortii kun kubbaa miilaa fi kubbaa kochoo dabalatee akaakuuwwan Ispoortii biroo hojjechuuf kan oolan akka ofkeessaa qabu eeraniiru. Hogganaan waajjira federeeshinii kubbaa koochoo Finfinnee Alamneh Siyyum akka biyyaatti hawaasa fayya buleessa uumuuf babal’achuun dirree Ispoortii gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.  
Taphni Hawwiin eegamaa ture Maanchisteer Siitiin Riyaal Maadriidiin injifate
Dec 11, 2025 207
Mudde2/2018(TOI)- Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni hawwiin eegamaa ture Maanchisteer Siitiin Riyaal Maadiriidiin 2 fi 1n injifate. Tapha galgala Istaadiyeemii Saantiyaagootti gaggeeffameen Niikoo Ora’iyiliin galchii galcheen , Arlingiton Haaland ammoo rukkuttaa adabbiitiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Roodirigoon galchii tokkicha Riyaal Maadiriidiif galcheera. Taphicharrattii Maanchisteer Siitiin walakaa jalqabaarrattii fi Riyaal Maadiriid walakkaa lammaaffaarratti caalmaa fudhatanii taphataniiru. Bu’aasaa hordofuun Maanchisteer Siitiin qabxii 13n Sadarkaasaa gara 4ffaatti ol guddiseera. Injifataan dorgommichaa yeroo 15ffaa Riyaal Maadiriid qabxii 12n sadarkaa 8ffaa qabateera. Arliingi Haalaand Shaampiyoonsi Liigiin taphoota 50n galchii 51 kan lakkoofsise taphataa jalqabaa ta’ee rikaardii haaraa galmeessiseera. Sagantaa biroon kilabiin Arseenaal Biruuzyiyaa 3 fi 0 injifateera. Tapha Istaadiyeemii Jaan Bireeyideelitti gaggeeffameen, Noonii Maduweekee galchii lama yoo lakkoofsisu Gabri’eel Martineliin galchii hafe lakkoofsiseera. Arsenaal qabxii 18n dursummaasaa mirkaneeffateera. Arsenaal Shaampiyoonsi Liigichatti taphoota hunda injifachuu danda’aniiru. Kilabiin Biruuzyiyaa qabxii 4n sadarkaa 31 qabateera. Injifataan yerichaa PSG Atileetikoo Biilbaa’oo waliin galchii malee qixaan adda bahaniiru. Juveentus galchii Jonatan Deevidii fi Weestoon Maakeeniin galchaniin Paafoos 2 fi 1n injifate. Benefiikaan Napooliin 2 fi 0 injifateera. Baayer Leeverkusen Niwuukaastil Yunaayitidii waliin ,Boruushiyaan Doortimundiin Boodoo Gilimti waliin haala walfakkaatuun 2 qixaan adda ba’aniiru. Tapha har’a dursee gaggeeffameen Ayaakis Karabagin 4 fi 2 Kopenhagen Viyariyaaliin 3 fi 2n injifateera
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 183
  Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jira
Dec 11, 2025 107
Mudde 02/2018(TOI)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibse. Sagantaan Ahaaraa Magariisaa kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin jalqabame, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaan taasisaa jirtu keessatti gumaacha olaanaa bahateera jedhame. Sagantaan kun fayyadamummaa dhaloota ammaa kan mirkaneesse; dhaloota egereef ammoo abdii kan kenne yoo ta’u, carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessattis gahee isaa ba’ataa jira.   Kanaaf yaa’ii haala qilleensaa addunyaa (COP-32) Biraazil magaalaa Beelam keessatti gaggeeffame irratti Itiyoophiyaan konfiraansii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa (COP-30) keessummeessuuf filatamuun ishee ni yaadatama. Ministeera Qonnaatti hojii gaggeessaa Misoomaa fi itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa fi Barreessaan Koree Teeknikaa Biyyaalessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Faanuusee Mokonnon akka jedhanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii gochaa jirtuuf deebii qabatamaa kennaa jira. Waggoota torba darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ol kan dhaabame yoo ta’u, kana keessaa dhibbeentaan afurtama kan biyya keessaa ta’uu eeruun, kanneen hafan ammoo gosa adda addaa akka ta’anis beeksisaniiru.   Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiqama biyyee hir’isuun,gabbina biyyee eeguun,oomishaafi oomishtummaan haala olaanaan akka dabalu gumaacha guddaa buuseera jedhani. Akkasumas burqaan lafa jalaa dabaluun, misooma jallisiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoota darbanitti kuduraalee fi muduraalee nyaataaf oolan dabalatee biqiltuuwwan biroo bal’inaan kan dhaabaman, galii maatii fi soorata maatii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa akka qaban eeraniiru. Biqiltoonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman bosona ta’aa akka jiran, kunis oomisha dammaaf haala mijataa uumuun, namoota horsiisa kanniisaa irratti bobba’aniif faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Itti dabaluunis dameelee hedduu irratti carraa hojii bal’aa uumuun keessumattuu dargaggootaafi dubartootaaf dinagdee isaani guddisaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoowwan hongeef saaxilamoo fi lafa qullaa hafan gara naannoo oomishaatti jijjiiruun wabii nyaataa mirkaneessuun gumaachaa akka jiru hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan COP 32 akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisanidha
Dec 10, 2025 128
Mudde 1/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (COP 32) akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisu ta’uu Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih ibsan. Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa yaada ministrri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 eegalame nageenya lafa naannawaa eegsisuun gumaacha olaanaa taasisaa jira. Kana hordofuun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 30ffaa Biraaziil Baallamitti gaggeeffamerratti yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa(COP 32) akka keessummeessitu filatamuunshee niyaadatama. Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih TOI’f akka ibsanitti, hojiilee humna hayidiroo elektiriikii, ashaaraa magariisaa fi misooma magariisaa biroon hojjetamaniin bu’aaleen qabatamaa galmaa’aniiru. Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hojiin hojjechaa jirtu rakkinicha ittisuuf kutannoo qabdu akka agarsiisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti hojiileen damee dinagdee magariisaan, human haaromfamuu fi misooma bosonaan hojjetaman Itiyoophiyaan yaa’ii COP 32 qopheessuuf akka filatamtu gumaachuusaa ibsaniiru. Yaa’iiwwan jijjiirama haala qilleensaa biyyootaa fi sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin hirmaannaan guddaa Itiyoophiyaan qabdu filatamuusheef ulaagaalee gargaaran keessatti akka eeraman ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15954
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 831
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015