Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Magaalaa Ambootti sagantaan soorata barattootaa qulqullina barnootaa fi hirmaannaa barattootaa guddisaa jira
Nov 1, 2026 58
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Sagantaan soorata barattootaa magaalaa Ambootti hojiirra oole qulqullinni barnootaa akka fooyya’uu fi fedhiin barattoonni barachuuf qaban akka guddatu gumaacha taasisuusaa waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Sagantaan nyaata barattootaa bara 2014 irraa eegalee magaalaa Ambootti hojiirra oolaa jiru qulqullina barnootaa eeguu fi fedhii barattootaa barachuuf qaban guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Caalaa Magarsaa ibsaniiru. Bara kana manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaaa 17 keessatti barattoonni kuma13 fi 970 sagantaa kana irraa fayyadamaa kan jiran yoo ta’u, sagantichaafis baajanni Birrii miliyoona 34 ramadameera. Hawaasni fi Buusaa Gonofaanis hanga ammaatti Birrii miliyoona 7 tuqaa 5 deeggarsa kan taasise yoo ta’u, hawaasni deeggarsa isaa akka cimsu itti gaafatamaan kun waamicha dhiyeessaniiru. Saganticha babal’isuu fi qulqullina barnootaa guddisuuf sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu fi meeshaalee barnootaa barbaachisan guutuufis hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Manni Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Sadan Liibaan keessatti barattoonni kuma 2 fi 134 sagantaa nyaata barattootaa irraa fayyadamaa akka jiran daarektarri mana barumsichaa Caalaa Qananii ibsaniiru. Sagantichi keessumaa barattoota maatiin isaanii harka qalleeyyii barnoota isaanii rakkoo malee akka hordofanii fi bu’aa gaarii akka galmeessan gargaaraa jira jedhaniiru. Kana malees, baay’ina barattoota irra deddeebi’anii baratanii, barnoota addaan kutanii, hafanii fi barfatanii hir’isuun, dhibbeentaa darbuus dabaleera. Abbaan barataa Obbo Silashii Milkessaa fi barattuun Kiisee Dabalee gama isaaniitiin, sagantichi baasii fi yaaddoo maatii hir’isuu bira darbee barattoonni xiyyeeffannoo guutuu barnoota isaanii irratti akka xiyyeeffatanii fi bu’aa gaarii akka galmeessan gargaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ganda Ejersa Boolee Shubbuu Mana Jireenyaa ijaarame jiraattotaaf dabarsanii kennaniiru
Nov 1, 2026 77
Onkoloolessa 22/2019(ENA) : Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee misooma namooma giddu galeessa godhate ganda Ejersa Boolee Shubbuu tajaajilaaf banaa taasisan. Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin har’a ganda jiraattotaa walitti qindaa’e Boolee Shubbuu Ejersaa namoota misooma kanaan bakka jireenyaa isaanii irraa kaafamaniif ijaarame jiraattota naannichaaf dabarsinee kennineerra jedhan. Kaayyoon guddaan misooma magaalaa bu’uuraalee misoomaa ijaaruu qofa osoo hin taane, jireenya lammiilee fooyyessuu, mirgaa fi faayidaa isaanii eeguu akkasumas carraa jireenyaa fooyya’aa uumuudha.   Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee (AI) magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiru pirojektii biyyaalessaa guddaa guddina teeknooloojii fi dinagdee biyyattii saffisiisuu danda’uu tahuu kan kaasan Aadde Adaanech haa ta’u malee, pirojektiin kun qonnaan bultoota duraan lafa sana qonnaaf, dheedichaafii jireenyaaf itti fayyadamaa turan irratti dhiibbaa waan geessisuuf, isaan fayyadamtoota misoomaa akka ta’an malee miidhamtoota akka hin taane xiyyeeffannoo addaa kennineerra.   Kanaafuu, qonnaan bultoota Boolee Shubbuu Ejersaa pirojektii Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee (AI) tiif jecha lafa qonnaa fi bakka jireenyaa isaanii irraa kaafamaniif ganda jireenyaa walitti qindaa’e ijaaruun, madda galii fi jireenya isaanii fooyyessuuf tajaajiloota barbaachisoo ta’anis keessatti hammachiifneerra jedhan Kantiibaa Adaanech. Kunis hariiroo hawaasummaa jiraattotaa eeguun haala jireenyaa fooyya’aa keessa akka jiraatan kan taasisu, sirna misoomaa namooma giddu galeessa godhate tahuu kaasaniiru. Gandichi manneen jireenyaa dabalatee tajaajiloota akka dallaa loonii,loon aannanii itti horsiisan, akkasumas nyaata beelladaa itti qopheessan,dhaabbilee daldalaa, suuqota, manneen kuusaafi raabsaa oomishaa, akkasumas daakuu midhaanii akka qabu ibsaniiru. Tajaajilootni kunneen jiraattotaaf haala jireenyaa fooyya’aa uumuun, misooma aannanii fi maddoota galii biroo akka guddisan, hariiroo hawaasummaa isaanii akka tikfatan, akkasumas daa’imman isaanii naannoo mijataa keessatti akka guddatan gargaaruuf qophaa’aniiru.   Misooma jechuun namoota bakka jireenyaa isaanii irraa kaasuu qofa osoo hin taane, sadarkaa jireenyaa isaanii fooyyessuu, dandeettii dinagdee isaanii cimsuu fi abdii egeree isaanii guddisuu dabalatas jedhan Kantiibaa Adaanech ergaa isaaniitiin. Jiraattota naannichaa waliin yeroo mari’annu, lafti isaanii kun pirojektii biyyaalessaa guddaa ta’eef akka oolu, yuunivarsiitichi ijoollee isaanii carraa barnootaa akka argatan, akkasumas Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti dorgomaa akka taatuuf gahee guddaa akka qabu hubatanii, fedhii isaaniitiin tumsa taasisaniiru kan jedhan Kantiibaa Adaanech,tumsa garaa qulqulluudhaan nuuf taasisaniif galata guddaa qabna, kabaja guddaatuu isiinif mala jedhaniiru. Hojiin kun, tokkummaa fi tumsa irratti hundaa’uun yeroo hojjenne, qaamolee hunda fayyadamtoota taasisuu fi misooma waaraa mirkaneessuu akka dandeenyu kan agarsiisuudha jedhaniiru. Gandi jiraattota Ejersaa Boolee Shubbuu kun fakkeenya qabatamaa kallattii misooma namooma giddugaleessa godhatee deemnuuti. Finfinnee ijaaraa jirru, kabajaa, mirgaa fi faayidaa jiraattota ishee hunda kan eegdu, lammiilee hunda qixa fayyadamtoota misoomaa kan taasisitu akka taatuuf kutannoo qabnaas jechuun hubachiisaniiru. Hoggantoota Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Boolee fi namoota adeemsa hojii kana keessatti gumaacha taasisan hundaaf garaa guutuudhaan galata guddaa qabna jechuun Kantiibaa Adaanech galata dhiyeessaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Qooda fudhattootni tajaajila Geejjibaa Magaalaa (Taaksii) hojiiwwan hojjattan keessatti ergama maqaa gaarii magaalattii ijaaruu keessanii sirnaan ba'achuuf of qopheessuu qabdu. Obbo Waasee Girmaa
Nov 1, 2026 134
Onkoloolessa 22/2019 (ENA) - Guuyyaa Sabaa fi Sablammoota Itiyoophiyaa 21ffaa Magaalaa Jimmaatti kabajamu sababeeffachuun mariin Abbootii qabeenyaa, Konkolaachiftoota fi gargaartota Taaksii waliin gaggeeffameera. Marichi qindoomina waajjira daandiif geejjibaa fi qajeelcha poolisii magaalaa Jimmaatiin kan qophaa'e yemmuu ta'u, hoggansi olaanoon irratti argamuun mariisisaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa ergaa dabarsaniin kabaja guyyaa ayyaana sabaaf sablammootaa marsaa 21ffaa akka biyyaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu ilaalchisee hojiin isin hojjattan hundi dhimma safuu fi maqaa ummata Jimmaa waliin kan wal qabatu ta'uu hubattanii naamusa guutuun tajaajiluu qabdu jedhan. Obbo Waaseen itti dabaluun, qaamoleen hojii tajaajila taaksii irratti hirmaataa jirtan hojiiwwan misoomaa fi nageenyaa gurguddoo akka magaalaa Jimmaatti hojjatamaa turee fi jiru keessatti hirmaannaa ho'aa taasisaa turtaniif galata guddaa isiniif qabna jedhaniiru. Ayyaanni Sabaa fi Sablammoota Itiyoophiyaa 21ffaan bara kana akka biyyaatti magaalaa Jimmaatti kabajamu isinifis magaalaa Jimmaafis carraa guddaa fidee kan dhufu ta'uu hubachuun hirmaattotni ayyaana kanaaf magaalatti dhufan jaalala, nageenyaa fi kabaja magaalattiin ittiin beekamtu qabatamaan arganii ragaa ba'anii akka galaniif naamusa olaanaan tajaajiluu qabdu jedhaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Nagaa magaalattii Obbo Kadir Abdullee gama isaaniin, keessummootni ayyaana kanaaf gara magaalaa kanaatti dhufan karaa nagaa fi jaalalaan saganticha xumuuranii maqaa gaarii Jimmaan qabdu daran hubatanii akka galaniif ga'ee keessan ba'achuu qabdu jedhaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Daandii fi Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Injinar Waaqjiraa Dhinsaa, gama isaaniin; tajaajilli Taaksii tajaajila bu'uraa waan ta'eef naamusa olaanaan hojjatamuu akka qabu kaasanii, dhimmoota akka rakkootti ka'an furuuf qindoominaan hojjanna jedhaniiru. Hirmaattotni gama isaaniin hojii keenya sirnaan hojjachuun keessummoota kana simannee tajaajiluun maqaa gaarii magaalattii ijaaruu keessatti ga'ee keenya ba'achuuf qophiidha jedhaniiru. waajjira komunikeeshinii magaalaa Jimmaarraa
Magaalaan Finfinnee jireenyaaf, turizimii fi carraa hojii uumuuf mijattuu taateetti
Nov 1, 2026 86
Onkololessa 22/2019 (ENA): Magaalaan Finfinnee misoomni koridarii fi qarqara lageenii gaggeeffamaa jiru saffisaa fi qulqullina olaanaan ijaaramaa akka jiru kutaaleen hawaasaa adda addaa ibsaniiru. Kunis magaalattiin jireenyaaf, turizimii fi carraa hojii uumuuf mijattuu akka taatu ishee taasiseera jedhani. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Misooma Koridaarii qarqara Lageenii Qacanee hanga Ambaasaaddaraa-Giyoonii, Irreechaa- Baambis lafa bal’ina heektaara 351 qabu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisuun isaanii ni yaadatama. Pirojektiin guddaan kun eegumsa naannoo jijjiirama magaalaa waliin walitti makuun magaalaa Finfinnee ammayyaa, magariisaa fi jireenyaaf mijataa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu Ministirri Muummee ibsaniiru. Kutaaleen hawaasaa adda addaa ENA’n qarqara lageeniitti bashannanaa jiran dubbise akka himanitti, misoomni qarqara lageenii kun miidhagina magaalattii kan guddise, walitti dhufeenya hawaasummaa kan cimseefi turizimiidhaaf haala mijataa kan uumedha jedhani. Shamarreen Harar irraa dhufte Sixootaa Taarikuu pirojektoonni misoomaa magaalaa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran baay’ee kan miidhaganii fi daawwattoota kan hawwatan ta’uu dubbatteetti.   Shamarree Batsaloot Gaashaawuu gama isheetiin akka misoomni koriidaraa fi qarqara lageenii hawwattummaa magaalattii dabaluun jiruuf jireenyaaf akka mijattu taasiseera jette. Bakkeewwan dargaggoonni sammuu isaanii itti haaromsan, dhiibbaa jireenya guyyaa guyyaa irraa aaragalfatanii fi yeroo isaanii haala qulqullina qabuun itti dabarsan kan argite ta’uu himteetti. Obbo Fiqaaduu Tolaa gama isaaniin dur bifti magaalaa Finfiinnee rakkoo qulqullina dhabuu fi foolii badaan kan guutame ta’uu himuun, yeroo ammaa garuu haalli kuni jijjiiramee baay’ee kan namatti tolu ta’uu dubbatani.     Yaada isaanii ENA’f kan kennan Zakkaariyaas Tashoomaa gama isaaniin akka himanitti, kanaan dura bakkeewwan akkanaa cufaa ta’anii kan tursiifaman ta’uu eeruun,yeroo ammaa garuu misoomni qarqara lageenii hojjetamuun yaa’insa turistii kan dabale ta’uu dubbatani. Kana malees bakka aara galfii ta’uun jireenyaaf mijattuu taasiseera jedhani. Yaada kennaan kan biraan Ashaagiree Kasiisaa gama isaaniitiin akkuma magaalattiin miidhagaa deemtu yaa’insi turistootaas dabalaa deemaa jiraachuu dubbatani. Kunis lammiilee hedduudhaaf carraa hojii bal’aa kan uumuu fi sochii dinagdee magaalichaa kan kakaasu ta’uu ibsaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Godina kibba bahaa Oromiyaatti oomishtummaa rooba gannaa dabaluuf hojjetamaa jira
Nov 1, 2026 74
Onkoloolessa 22/2019( ENA) - Godina kibba bahaa Oromiyaatti oomishtummaa rooba gannaa baranaa milkeessuuf kunuunsii fi eegumsi midhaanii taasifamaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Godinni kibba baha Oromiyaa oomisha Qamadii, Xaafii, Boqqolloo, Garbuu fi Biloqqeetiin ni beekama. Waajjirri qonnaa godina kibba bahaa Oromiyaa qonnaan bulaa waliin qindaa’uun eegumsaa fi kunuunsa midhaaniif taasisuuf duularra jira. Duulli kun oomishtummaa qonnaa guddisuu fi wabii nyaataa fulla’aa mirkaneessuuf qooda guddaa akka qabaatu ni amanama. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Ibraahiim Qaiasoo akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 lafti hektaarri miliyoona 2.5 ol ta’u midhaan gurguddoon misoomeera. Keessumaa qamadii fi garbuu biiraa bal’inaan kilaastaraan misooman; oomishtummaa guddisuuf xaa’oo fi teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa hojiirra oolaniiru. Naannolee gammoojjii fi badda-daree kilaastaroota Asallaa fi Shaashamannee keessatti midhaan gannaa maashinarii fi humna namaatiin walitti qabamaa kan jiru yoo ta’u, naannolee baddaa Asallaa, Roobee fi Gindiiriitti ammoo qamadii fi garbuun biiraa bilchaachaa jira. Naannolee kanneen keessatti dhukkuboota midhaanii, keessumaa waagii keelloo fi aramaa ittisuuf qoricha farra ilbiisotaa fi farra aramaa xiyyaaraan dabalatee biifuudhaan, akkasumas humna maatii fayyadamuun kunuunsi midhaanii taasifamaa jira. Qonnaan bultoonni dhukkuboota ittisuuf lafa qonnaa isaanii guyyaa guyyaan akka hordofan itti gaafatamaan kun hubachiisaniiru. Godinichatti bara oomisha gannaa baranaatiin midhaan gurguddoon oomishni kuntaala miliyoona 96.8 ol akka eegamu Obbo Ibraahiim Qasoon ibsaniiru.
Kan mul'ate

Milkaa’ina Dippiloomaasii Itoophiyaa
Nov 1, 2026 160
Onkololessa 22/2019 (ENA): Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannoo fi idil-addunyaa irratti hirmaannaa cimaa fi dippiloomaasii cimsuun ishee dantaa biyyaalessaa biyyattii tajaajiluu qofa osoo hin taane dirree idil-addunyaa irrattis mul’achuun ishee akka dabale hayyoonni himan. Biyya Baha Afrikaa keessatti nageenyaa fi tasgabbii naannoo fi walitti hidhaminsa dinagdee keessatti gahee seenaa fi adda duree qabdu Itoophiyaan yeroo dhiyoo asitti dhiibbaa dippiloomaasii biyyoota hedduu keessatti qabdu haalaan babal’isaa jirti.   Biyyattiin gara ‘BRICS’tti makamuun ishee waltajjii idil-addunyaa irratti guddina dippiloomaasii ishee haaromsuun damee dinagdee, daldalaa fi invastimantii irratti balbala walta’iinsa haaraa baneera. Keessattuu, Itoophiyaan yaa’ii Afrikaa fi Raashiyaa 3ffaa Moskootti gaggeeffame irratti hirmaannaa cimaa gochuun ishee fi marii dippiloomaasii cinaatti taasifamu irratti hirmaannaa cimaa gochuun ishee, biyyittiin tumsa tarsiimoo humnoota addunyaa gurguddoo waliin qabdu cimsuu ishee agarsiisa.   Waltajjiin kun Itoophiyaan gama daldalaa, invastimantii, teeknooloojii, misooma anniisaa fi wabii nyaataatiin waliigalteewwan dantaa biyyaalessaa ishee kabachiisan haala mijeessuuf, akkasumas dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti ejjennoo cimaa qabdu calaqqisiisuuf carraa guddaa uumeera. Hayyoonni siyaasaa fi dippiloomaasii hedduun kunniin sagalee fi dhiibbaan Itoophiyaan damee dippilomaasii keessatti qabdu yeroo kamiyyuu caalaa akka socho’u taasiseera jedhu.   Yunivarsiitii Bulee Horaa keessatti barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hariiroo alaa kan ta’an Iddoosaa Daggafaa akka jedhanitti; Itoophiyaan waltajjiiwwan dippilomaasii idil-addunyaa irratti ejjennoo cimaa dantaa biyyaalessaa fi ejjennoo cimaa ishee eegu furmaata waloo barbaaduu fi mari’achuuf dandeettii qabdu haalaan guddifachaa jirti. Barsiisaa Iddoosaan Itoophiyaan konfiraansii idil-addunyaa ‘COP32’ keessummeessituu ta’uun filatamtee fi biyyoota Baha Giddu Galeessaa waliin tumsa dippiloomaasii cimsuu ishee akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Sochiin qaqqabummaa Galaana Diimaa galmaan gahuuf taasifamaa jiru of eeggannoo fi gaarii ta’uu ibsaniiru.   Yuunivarsiitii Jimmaatti kutaa seeraa fi Bulchiinsa irraa Barsiisaan Dalil Ahimad gama isaaniitiin dandeettiin dippiloomaasii Itoophiyaa fi hirmaannaan waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti qabdu kan duraanii caalaa guddachaa akka jiru ibsaniiru. Keessattuu, humnoota nageenyaa, tasgabbii fi birmadummaa biyyattii miidhuuf hojjetan qolachuuf tarkaanfiiwwan fudhataman malees, haala dhugaa biyyattii ilaalchisee odeeffannoo ifa ta’e hawaasa addunyaaf kennuudhaan hojii dippiloomaasii cimsuun dandeettii fooyya’aa ijaaraa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Walga’ii 3ffaa Afrikaa fi Raashiyaa irratti hirmaannaa cimaa Ministirri muummee Abiy yiAhimad (PhD) taasisan taateewwan hariiroon alaa biyyattii babal’achuu agarsiisan keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Akka barsiisaan kun jedhanitti, barbaachisummaan yaa’ii kanaa walitti dhufeenya Afrikaa fi Raashiyaa cimsuu qofa osoo hin taane, ga’ee dippiloomaasii Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi dirree bal’aa idil-addunyaa keessatti qabdu guddisuuf gargaara. Kunis kallattii hariiroo alaa biyyattiin hordofaa jirtu kan agarsiisu ta’uu isaa, qaama tokko qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane michoota idil-addunyaa adda addaa waliin hariiroo wal-fayyadu uumuuf akka ta’e akeekeera. Kanaaf Itoophiyaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti hirmaannaan qabdu, hariiroon biyyoota adda addaa waliin qabdu guddachaa dhufuu, akkasumas waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti ejjennoo mataa ishee dabarsuu danda’uun ishee cimee akka jiru ibsaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Badhaasi kun hojiiwwan misoomaa gurguddoo magaalatti keessatti hojjetamanii fi sadarkaa idila-addunyaatti dorgomtuu ta’uu ishee ifatti kan agarsiise – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Oct 31, 2026 443
Onkoloolessa 21/ 2019 (ENA)-- Badhaasi kun hojiiwwan misoomaa gurguddoo magaalatti keessatti hojjetamanii fi sadarkaa idila-addunyaatti dorgomtuu ta’uu ishee ifatti kan agarsiise ta’uu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka beeksisanitti, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Sagantaan Qubsuma Namaa (UN-Habitat) badhaasa ‘Shen haay’ 2026 guyyaa magaalota addunyaa sababeeffachuun Chaayinaatti qopheesseen Magaalaan Finfinnee badhaasicha injifateetti.   Injifannoon argame kun kan Magaalaa Finfinnee qofaa osoo hin taane seenaa Itiyoophiyaa boonsu tauu himan. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, Sagantaan Qubsuma Namaa(UN-Habitat) badhaasa inni Chaayinaatti qopheesse kun, waggaa waggaan magaalota shan filee kan badhaasu yoo tau, ulaagaan isaa misooma magaalaa waaraa, hunda hammataa taeefi ummata giddu galeessa godhate dha. Haaluma kanaan magaalaan Finfinnee ulaagaalee dorgommichaa mara guutuun magaalota ALA bara 2026 badhaasa kana argatan shanan keessaa tokko tauu ishee Aadde Adaanach beeksisaniiru. Badhaasni Magaalaa Finfinneef kenname kun kan jalqabaa akka hin taane kan himan Aadde Adaanach ALA bara 2024 “Badhaasa Magaalaa See’ul” kan Kooriyaa Kibbaatti geggeeffame injifachuu ishees yaadachiisaniiru.  
Qaroomina Itoophiyaa ijaaruuf guddina waliigalaa mirkaneessuu qabna – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 31, 2026 240
Onkololeessa 21/2019 (ENA): Qaroomina Itoophiyaa ijaaruuf guddina waliigalaa mirkaneessuu qabna jechuun Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Gaggeessitoonni Mootummaa Ida’amuu leenjii waraanaa Hursootti fudhachaa jiru. Ministirri Muummee fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Qaroomina Itoophiyaa ijaaruuf guddina waliigalaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru. Guddinni waliigalaa jechuun guddina qabeenyaa fi hafuuraa, guddina aadaa fi naamusaa kan of keessatti hammateedha kan jedhan ministirri Muummee , kanaaf immoo gaggeessaan qophii waliigalaa qabaachuun irra jiraata jedhaniiru. Qaamaan kan gahoome, naamusaan kan jabaate, beekumsaan kan qaxalee kan ta’e, ogummaan kan bilchaate akka ta'u kan eegamu ta'uu ibsanii, keessumaa miirri jaalala biyyaa fi Aantummaa ummataatiin dirqama isaa akka ba’u imaanaan biyyaa cimaa ta'uu eeraniiru. Saayinsiin waraanaa, muuxannoonii fi kaayyoo jireenyi fi eenyummaa namaa bocuu keessatti dorgommiin hin qabu kan jedhan Ministirri Muummee , ilmi namaa qaamaanis, hafuuraanis, naamusaanis, hojiinis naamusa akka qabaatu taasisuun dhaloota horachaa tureera jedhaniiru. Eenyummaa alaa fi keessaa qajeelfamee bocuun gaggeessitoota gurguddoo horateera jedhaniiru. Dirqama gahumsaan ba’uu, miira aantummaan tajaajila kennuu; naamusa hojii bocuu; kaayyoo waliinii waliin milkeessuu; qophii yeroo hunda; caasaadhaan gaggeessaa horachuu; itti gaafatamummaa fi gaafatamummaa; gubbaatii hanga gadiitti wal-hubachuun kaayyoo milkeessuu, fi kanneen kana fakkaatan duudhaawwan saayinsii waraanaa fi muuxannoo irraa fudhatamuu danda’anidha jedhaniiru. Tarsiimoo gurguddaa qaroomina Ida’amuu hojiirra oolchuuf, beekumsa, dandeettii fi muuxannoo saayinsii waraanaa fi jireenyaa irraa argannu qabna jedhaniiru. Keessumaa immoo yaada tokkoon walii galuu, naannoo haala gaariitti fayyadamuu; ummata walitti fufiinsaan kaayyoo fi gochaaf kakaasuu; waadaa ummataaf galle haala gaariitiin galmaan ga’uu, caasaa gadii hanga oliitti jiru kaayyoo biyyaatiif milkeessuu; biyya itti gaafatamummaadhaan bulchuu; biyya kamiifuu hin jilbeeffanne biyya jabaa ijaaruu; dhaloota bakka bu’u horachuu fi nagaa biyyaa yeroo hundaa mirkaneessuu kan jedhan yaadota stiraateejichaa sirriitti hubachuufis ta’e hojiirra oolchuuf leenjiin waraanaa gahee olaanaa taphata jedhaniiru. Loltuun galma murtaa'e tokko rukkutuu irratti xiyyeeffata; siiviilonni immoo kaayyoo bal'aa galmaan ga'uuf hojjetu garuu ammoo galma gama lamaanuu walsajjisiisuun kaayyoo rukutuus, kaayyoo isaas kan milkeessu dhaloota ni uumna jedhaniiru ministirri Muummee ergaasaniin .
Dorgomtummaa Magaalaa Shaggar guddisuufi karoora of danda'uu milkeessuuf qindoomina, gurmaa'insa Mootummaafi Paartii cimsuun hojjetamuu qaba- Obbo Mahammad Guyyee
Oct 30, 2026 477
Onkoloolessa 20/2019(ENA)- 'Dorgomtummaa Magaalaa Shaggar guddisuu fi karoora of danda'uu milkeessuuf qindoomina, gurmaa'insa Mootummaa fi Paartii cimsuun akka hojjetamu itti Aanaa Kantiibaa fi qindeessaan kilaastara tajaajilaa Obbo Mahammad Guyyee ibsan. Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti gamaggamni raawwii hojii mootummaa fi Paartii kurmaan 1ffaa bara 2019 Kilaastara Sabbataa bakka hooggantootni sadarkaan jiranii fi dhimmamtootni argamaniitti Kutaa Magaalaa Sabbataatti gaggeeffamaa ture xumurameera. Itti Aanaa Kantiibaafi Qindeessaan Kilaastara Tajaajilaa Obbo Mahammad Guyyee gamaggama kurmaana 1ffaa taasifneen olaantummaa yaadama Paartii badhaadhinaa lafa qabsiisuun hojii misoomaa, nageenyaa, hawaasummaa fi dinagdee akkasumas siyaasaa hojjetaman bu'aa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuusaanii ibsaniiru. Magaalaa Shaggaritii galmoonni Wabii nyaataa mirkaneessuu, ogummaa dagaagsuu, dhawweessummaa babal'isuu fi kenna tajaajilaa fooyyeessuu, carraa hojii uumuuf hojiilee kurmaana 1ffaatti hojjetaman gamaggamichaan xinxalamaniiru jedhan. Hojiileen gama misoomaa, hawaasummaa, bu'uuraalee misoomaa fi kenna tajaajila lammummaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf magaalichatti hojjetamanis akkasuma. Gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa Magaalaa Shaggar keessatti, dameewwan qonnaa, fayyaa, barnootaa, galii sassaabuu fi carraa hojii uumuu irratti bu'aawwan garaagaraa galmaa'uun ibsameera . Galiin birrii biliyoona 14 sassaabamuu, Lafti hektaara kuma 91 fi 421 qotamu, hektaara 71,387 ammoo tiraaktaraan qotamuu, Inisheetiiviiwwan qamadii, beeyladaa, lukkuu fi sheediwwanii babal'isuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamuun ibsameera. Keellaa fayyaa 14 fi manneen qorichaa hawaasaa 3 ijaaramaniiru, Miseensonni inshuraansii fayyaa kuma 52 fi111 horatamuun eerameera. Barattoonni kuma 462 fi 322 galmaa'uu fi Manneen barnootaa Bu'uura Boruu 66 fi sadarkaa 1ffaa 8 ijaaramuun ibsameera. Sagantaa hojii lammummaa keessatti birrii biliyoona 12. Tuqaa 503 olitti tilmaamamuun hojii hojjetamuu fi dargaggoota hojii barbaadan kuma 64 fi 144'f carraan hojii uumamuun kaafameera. Dorgomtummaa Magaalaa Shaggar guddisuu fi karoora of danda'uu milkeessuuf qindoomina mootummaa fi paartii cimsuuf akka hojjetamu Obbo Mahammad Guyyee ibsaniiru. Itti gaafatamaa waajjira Magaalaa galii Shaggar Obbo Malkaamuu Ambaawu galii mootummaa guutummaatti sassaabuu, maddoota galii jiran sirnaan fayyadamuu, al-seerummaa dhabamsiisuu fi waadaa ummataaf galame hojii qabatamaatti jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Itoophiyaan yakka daangaa cehaa ittisuuf Interpoolii waliin hojjechuu cimsitee itti fufti - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Oct 30, 2026 523
Onkololessa 20/2019 (ENA): Itoophiyaan yakka daangaa cehaa ittisuuf Dhaabbata Tumsa Poolisii Idil Addunyaa (Interpool) waliin hojjechuu cimsitee itti fufti jedhan Ajajaan Olaanaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el. Barreessaan olaanaa Dhaabbata Tumsa Poolisii Idil Addunyaa (Interpol) Vaaldasii Urkiizaa fi jilli isaanii Waajjira Muummee Poolisii Federaalaa Itoophiyaa daawwataniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa akkaadaamii Intarpoolii Giloobaal kan leenjii qulqullina olaanaa fi sadarkaa isaa eeggate biyyoota miseensa Intarpoolii irraa dhufaniif kennuun beekamu waliin mallatteesseera.   Ajajaan Olaanaan Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammaallash Gabramikaa’el akka himanitti, Yuunivarsiitiin Poolisii Itoophiyaa miseensa ‘Interpol Global Academy Alliance’ ta'eera jedhani.   Barreessaan olaanaa interpool Vaaldaasii Urkiizaa deeggarsa Interpooliin Itoophiyaaf taasisu gahee isaa cimseera jedhani. Itoophiyaan daldala namaa fi yakkoota daangaa cehaa biroo ittisuuf tattaaffii taasiftu Interpooliin deeggarsa hiika qabu ni taasisa jedhan. Yuunivarsiitiin Poolisii Itoophiyaa walta’iinsa kana cimsuuf Waliigaltee mallatteesseera. Itoophiyaan bara 1958 miseensa Intrepool erga taatee as yakkoota daangaa cehan ittisuu, odeeffannoo yakkaa fi ijaarsa dandeettii irratti tumsa olaanaa akka qabdu himaniiru.   Taammiraat Mulugeetaa (PhD) Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaa yunivarsiitichi gamtaa Akkaadaamii Giloobaal interpoolitti makamuun milkaa’ina guddaa ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan istaandaardii idil-addunyaa naannichatti tajaajila poolisii sirrii ta’e akka kennitu dandeessisu ni uumti jedhan. Kaarikulamiin Yuunivarsiitiin Poolisii Itoophiyaa qopheesse sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii kan argatu ta’uu ibsaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Hawaasummaa
Magaalaa Ambootti sagantaan soorata barattootaa qulqullina barnootaa fi hirmaannaa barattootaa guddisaa jira
Nov 1, 2026 58
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Sagantaan soorata barattootaa magaalaa Ambootti hojiirra oole qulqullinni barnootaa akka fooyya’uu fi fedhiin barattoonni barachuuf qaban akka guddatu gumaacha taasisuusaa waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Sagantaan nyaata barattootaa bara 2014 irraa eegalee magaalaa Ambootti hojiirra oolaa jiru qulqullina barnootaa eeguu fi fedhii barattootaa barachuuf qaban guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Caalaa Magarsaa ibsaniiru. Bara kana manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaaa 17 keessatti barattoonni kuma13 fi 970 sagantaa kana irraa fayyadamaa kan jiran yoo ta’u, sagantichaafis baajanni Birrii miliyoona 34 ramadameera. Hawaasni fi Buusaa Gonofaanis hanga ammaatti Birrii miliyoona 7 tuqaa 5 deeggarsa kan taasise yoo ta’u, hawaasni deeggarsa isaa akka cimsu itti gaafatamaan kun waamicha dhiyeessaniiru. Saganticha babal’isuu fi qulqullina barnootaa guddisuuf sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu fi meeshaalee barnootaa barbaachisan guutuufis hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Manni Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Sadan Liibaan keessatti barattoonni kuma 2 fi 134 sagantaa nyaata barattootaa irraa fayyadamaa akka jiran daarektarri mana barumsichaa Caalaa Qananii ibsaniiru. Sagantichi keessumaa barattoota maatiin isaanii harka qalleeyyii barnoota isaanii rakkoo malee akka hordofanii fi bu’aa gaarii akka galmeessan gargaaraa jira jedhaniiru. Kana malees, baay’ina barattoota irra deddeebi’anii baratanii, barnoota addaan kutanii, hafanii fi barfatanii hir’isuun, dhibbeentaa darbuus dabaleera. Abbaan barataa Obbo Silashii Milkessaa fi barattuun Kiisee Dabalee gama isaaniitiin, sagantichi baasii fi yaaddoo maatii hir’isuu bira darbee barattoonni xiyyeeffannoo guutuu barnoota isaanii irratti akka xiyyeeffatanii fi bu’aa gaarii akka galmeessan gargaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Lammii waan hunda guuttate uumuuf kutaan hawaasaa hundi qooda irraa eegamu bahachuu qaba-kantiibaa Adaanech Abeebee
Nov 1, 2026 108
Onkoloolessa 22/2019 (ENA) - Lammii waan hunda guuttate uumuuf kutaan hawaasaa hundi qooda irraa eegamu bahachuu akka qabu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kitaabni “Mili’innat’ jedhamu kan qrataa seenaa fi siyaasaa Dr. Alamaayyoo Aradaan barreeffame eebbifameera. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, barreessaan Dr. Alamaayyoo Araddaa yeroo dheeraaf nama ummata tajaajilanidha. Kitaabichi dhugaa yeroo uummata tajaajilaa turan argan kan ibsu ta’uu dubbatanii, yaada wal-qoodinsa uumu dhabamsiisuu, waliin hojjechuu fi seenessa waloo ijaaruun barbaachisaa ta’uu hubachiisa jedha. Humni walitti ida’ame hunda kan fayyadu waan ta’eef, garaagarummaa ciminaatti jijjiiruun akka barbaachisu dubbataniiru. Kalaqni dargaggootaa fi yaadni hayyootaa dhaloota yaada madaalawaa qabu uumuuf murteessaa ta’uu ibsanii, hawaasa guutuu ijaaruun mootummaa qofa osoo hin taane hirmaannaa qaamolee hawaasaa hunda akka gaafatu hubachiisaniiru. Kitaabichi yaadama ida’amuu cimsuun dhalootaaf karaa ifaa kan agarsiisuu fi yaadni walitti ida’ame hawaasa guutuu akka ijaaru agarsiisa jedhaniiru. Qorataa seenaa fi siyaasaa Dr. Alamaayyoo Araddaa gumaacha taasisaniif galateeffataniiru. Barreessaan kitaabichaa, qorataan seenaa fi siyaasaa Dr. Alamayyoo Araddaa, kitaabichi galteewwan hawaasa guutuu ijaaruuf barbaachisan dabarsuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo dheeraaf walitti bu’iinsa yaada siyaasaa fi Ayidiyooloojii keessa turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa garuu karaa namoomaa hordofaa akka jirtu dubbataniiru. Hayyoonni kitaabicha irratti yaada kennanis, kitaabichi hawaasa guutuu ijaaruuf yaadota furmaataa adda addaa kan dhiyeessuu fi gara fuulduraatti ce’uuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Kitaabichi kutaa afurii fi boqonnaa 16 kan qabu yoo ta’u, fuula 328 irratti qophaa’ee dubbistootaaf dhiyaateera. Yunivarsiitii pabiliik sarviisii Itiyoophiyaatti diiniin kolleejii qorannoo misooma saayinsii hawaasaa Dr. Waaqgaarii Nagarii, kitaabichi jaarraa 21ffaa wajjin wal-simuun akkamitti tarkaanfachuu akka qabnu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Kitaabichi yaada Ida’amuu kan cimsuu fi dhalootaaf ifa kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru. Qorataan Saayinsii Hawaasaa fi dhimmoota daldalaa Damsee Gaaramaw gamasaaniin, yaadni walitti ida’ame guutummaa kan fiduu fi hawaasa guutuu ijaaruuf gahee olaanaa akka qabu kitaabichi bal’inaan kan ibsu ta’uu dubbataniiru. Kitaabichi kallattiiwwan furmaataa garaagaraas kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru. Kitaabni ‘Milu’innat’ jedhu kutaa afurii fi boqonnaa 16 kan qabu yoo ta’u, fuula 328’n qophaa’ee dubbistootaaf dhiyaateera.
kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikame
Oct 28, 2026 605
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Kitaaba Ida’amuu afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaate irratti argamuun ergaa dabarsaniir. Kitaabni kuni dubbistootaaf dhiyaachuu isaas karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru. Ergaan isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.   Har’a kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaateera. Sagantaa eebba kitaabaa irratti qaamaan argamuun gammachuu guddaan natti dhagahameera. Bu’aan seena qabeessa kun falaasamni Ida’amuu beekumsa dhalootaan Itoophiyaa keessaa bahee amma daangaa ce’ee addunyaa guutuutti babal’achaa akka jiru ragaa jiraataadha. Yeroo darbe kitaabni kun afaanota biyya keessaatiin alatti gara Ingiliffaa, Chaayinaa fi Arabiitti hiikamee dubbistoota bal’aa bira ga’uu isaa ni yaadatama. Amma garuu yaadni Itoophiyaa daangaa ce’ee balbala lammiilee Raashiyaa bal’aa bira ga’uun isaa, qaqqabummaa addunyaa fi hiika dippilomaasii falaasama kanaa daran guddiseera. Tarkaanfiin kun falaasamni, duudhaalee fi yaadni ida’amuu Itoophiyaan ala ummatoota biroo bira ga’uuf carraa haaraa uumuu qofa osoo hin taane, Itoophiyaan yaada bilchaataa mataa ishee addunyaaf gumaachuu qabdu ta’uu qabatamaan kan agarsiisudha. Akkuma Raashiyaan lammiilee Itoophiyaa hedduudhaaf lafa ogbarruu fi beekumsaa taatee tajaajilaa turte, amma yaadni Itoophiyaa afaan Raashiyaatiin dubbistoota Raashiyaa bira gahuun waljijjiirraa beekumsaati. Tattaaffii fi of kennuu ogeeyyiin miidiyaa fi hoggantoota dhaabbata ‘Russia Today’ (RT) milkaa’ina kana taasisaniifi qophii kitaabichaaf gumaacha guddaa godhan baay’een dinqisiifadha. Boqonnaan seenaa haaraan kun beekumsa, aadaa fi falaasama dhalootaan Itoophiyaa badhaadhaa ta’e waltajjii idil-addunyaa irratti daran guddisuu fi riqicha aadaa fi sammuu cimaa ummatoota gidduutti ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Diinagdee
Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ganda Ejersa Boolee Shubbuu Mana Jireenyaa ijaarame jiraattotaaf dabarsanii kennaniiru
Nov 1, 2026 77
Onkoloolessa 22/2019(ENA) : Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee misooma namooma giddu galeessa godhate ganda Ejersa Boolee Shubbuu tajaajilaaf banaa taasisan. Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin har’a ganda jiraattotaa walitti qindaa’e Boolee Shubbuu Ejersaa namoota misooma kanaan bakka jireenyaa isaanii irraa kaafamaniif ijaarame jiraattota naannichaaf dabarsinee kennineerra jedhan. Kaayyoon guddaan misooma magaalaa bu’uuraalee misoomaa ijaaruu qofa osoo hin taane, jireenya lammiilee fooyyessuu, mirgaa fi faayidaa isaanii eeguu akkasumas carraa jireenyaa fooyya’aa uumuudha.   Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee (AI) magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiru pirojektii biyyaalessaa guddaa guddina teeknooloojii fi dinagdee biyyattii saffisiisuu danda’uu tahuu kan kaasan Aadde Adaanech haa ta’u malee, pirojektiin kun qonnaan bultoota duraan lafa sana qonnaaf, dheedichaafii jireenyaaf itti fayyadamaa turan irratti dhiibbaa waan geessisuuf, isaan fayyadamtoota misoomaa akka ta’an malee miidhamtoota akka hin taane xiyyeeffannoo addaa kennineerra.   Kanaafuu, qonnaan bultoota Boolee Shubbuu Ejersaa pirojektii Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee (AI) tiif jecha lafa qonnaa fi bakka jireenyaa isaanii irraa kaafamaniif ganda jireenyaa walitti qindaa’e ijaaruun, madda galii fi jireenya isaanii fooyyessuuf tajaajiloota barbaachisoo ta’anis keessatti hammachiifneerra jedhan Kantiibaa Adaanech. Kunis hariiroo hawaasummaa jiraattotaa eeguun haala jireenyaa fooyya’aa keessa akka jiraatan kan taasisu, sirna misoomaa namooma giddu galeessa godhate tahuu kaasaniiru. Gandichi manneen jireenyaa dabalatee tajaajiloota akka dallaa loonii,loon aannanii itti horsiisan, akkasumas nyaata beelladaa itti qopheessan,dhaabbilee daldalaa, suuqota, manneen kuusaafi raabsaa oomishaa, akkasumas daakuu midhaanii akka qabu ibsaniiru. Tajaajilootni kunneen jiraattotaaf haala jireenyaa fooyya’aa uumuun, misooma aannanii fi maddoota galii biroo akka guddisan, hariiroo hawaasummaa isaanii akka tikfatan, akkasumas daa’imman isaanii naannoo mijataa keessatti akka guddatan gargaaruuf qophaa’aniiru.   Misooma jechuun namoota bakka jireenyaa isaanii irraa kaasuu qofa osoo hin taane, sadarkaa jireenyaa isaanii fooyyessuu, dandeettii dinagdee isaanii cimsuu fi abdii egeree isaanii guddisuu dabalatas jedhan Kantiibaa Adaanech ergaa isaaniitiin. Jiraattota naannichaa waliin yeroo mari’annu, lafti isaanii kun pirojektii biyyaalessaa guddaa ta’eef akka oolu, yuunivarsiitichi ijoollee isaanii carraa barnootaa akka argatan, akkasumas Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti dorgomaa akka taatuuf gahee guddaa akka qabu hubatanii, fedhii isaaniitiin tumsa taasisaniiru kan jedhan Kantiibaa Adaanech,tumsa garaa qulqulluudhaan nuuf taasisaniif galata guddaa qabna, kabaja guddaatuu isiinif mala jedhaniiru. Hojiin kun, tokkummaa fi tumsa irratti hundaa’uun yeroo hojjenne, qaamolee hunda fayyadamtoota taasisuu fi misooma waaraa mirkaneessuu akka dandeenyu kan agarsiisuudha jedhaniiru. Gandi jiraattota Ejersaa Boolee Shubbuu kun fakkeenya qabatamaa kallattii misooma namooma giddugaleessa godhatee deemnuuti. Finfinnee ijaaraa jirru, kabajaa, mirgaa fi faayidaa jiraattota ishee hunda kan eegdu, lammiilee hunda qixa fayyadamtoota misoomaa kan taasisitu akka taatuuf kutannoo qabnaas jechuun hubachiisaniiru. Hoggantoota Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Boolee fi namoota adeemsa hojii kana keessatti gumaacha taasisan hundaaf garaa guutuudhaan galata guddaa qabna jechuun Kantiibaa Adaanech galata dhiyeessaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Magaalaan Finfinnee jireenyaaf, turizimii fi carraa hojii uumuuf mijattuu taateetti
Nov 1, 2026 86
Onkololessa 22/2019 (ENA): Magaalaan Finfinnee misoomni koridarii fi qarqara lageenii gaggeeffamaa jiru saffisaa fi qulqullina olaanaan ijaaramaa akka jiru kutaaleen hawaasaa adda addaa ibsaniiru. Kunis magaalattiin jireenyaaf, turizimii fi carraa hojii uumuuf mijattuu akka taatu ishee taasiseera jedhani. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Misooma Koridaarii qarqara Lageenii Qacanee hanga Ambaasaaddaraa-Giyoonii, Irreechaa- Baambis lafa bal’ina heektaara 351 qabu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisuun isaanii ni yaadatama. Pirojektiin guddaan kun eegumsa naannoo jijjiirama magaalaa waliin walitti makuun magaalaa Finfinnee ammayyaa, magariisaa fi jireenyaaf mijataa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu Ministirri Muummee ibsaniiru. Kutaaleen hawaasaa adda addaa ENA’n qarqara lageeniitti bashannanaa jiran dubbise akka himanitti, misoomni qarqara lageenii kun miidhagina magaalattii kan guddise, walitti dhufeenya hawaasummaa kan cimseefi turizimiidhaaf haala mijataa kan uumedha jedhani. Shamarreen Harar irraa dhufte Sixootaa Taarikuu pirojektoonni misoomaa magaalaa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran baay’ee kan miidhaganii fi daawwattoota kan hawwatan ta’uu dubbatteetti.   Shamarree Batsaloot Gaashaawuu gama isheetiin akka misoomni koriidaraa fi qarqara lageenii hawwattummaa magaalattii dabaluun jiruuf jireenyaaf akka mijattu taasiseera jette. Bakkeewwan dargaggoonni sammuu isaanii itti haaromsan, dhiibbaa jireenya guyyaa guyyaa irraa aaragalfatanii fi yeroo isaanii haala qulqullina qabuun itti dabarsan kan argite ta’uu himteetti. Obbo Fiqaaduu Tolaa gama isaaniin dur bifti magaalaa Finfiinnee rakkoo qulqullina dhabuu fi foolii badaan kan guutame ta’uu himuun, yeroo ammaa garuu haalli kuni jijjiiramee baay’ee kan namatti tolu ta’uu dubbatani.     Yaada isaanii ENA’f kan kennan Zakkaariyaas Tashoomaa gama isaaniin akka himanitti, kanaan dura bakkeewwan akkanaa cufaa ta’anii kan tursiifaman ta’uu eeruun,yeroo ammaa garuu misoomni qarqara lageenii hojjetamuun yaa’insa turistii kan dabale ta’uu dubbatani. Kana malees bakka aara galfii ta’uun jireenyaaf mijattuu taasiseera jedhani. Yaada kennaan kan biraan Ashaagiree Kasiisaa gama isaaniitiin akkuma magaalattiin miidhagaa deemtu yaa’insi turistootaas dabalaa deemaa jiraachuu dubbatani. Kunis lammiilee hedduudhaaf carraa hojii bal’aa kan uumuu fi sochii dinagdee magaalichaa kan kakaasu ta’uu ibsaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Godina kibba bahaa Oromiyaatti oomishtummaa rooba gannaa dabaluuf hojjetamaa jira
Nov 1, 2026 74
Onkoloolessa 22/2019( ENA) - Godina kibba bahaa Oromiyaatti oomishtummaa rooba gannaa baranaa milkeessuuf kunuunsii fi eegumsi midhaanii taasifamaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Godinni kibba baha Oromiyaa oomisha Qamadii, Xaafii, Boqqolloo, Garbuu fi Biloqqeetiin ni beekama. Waajjirri qonnaa godina kibba bahaa Oromiyaa qonnaan bulaa waliin qindaa’uun eegumsaa fi kunuunsa midhaaniif taasisuuf duularra jira. Duulli kun oomishtummaa qonnaa guddisuu fi wabii nyaataa fulla’aa mirkaneessuuf qooda guddaa akka qabaatu ni amanama. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Ibraahiim Qaiasoo akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 lafti hektaarri miliyoona 2.5 ol ta’u midhaan gurguddoon misoomeera. Keessumaa qamadii fi garbuu biiraa bal’inaan kilaastaraan misooman; oomishtummaa guddisuuf xaa’oo fi teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa hojiirra oolaniiru. Naannolee gammoojjii fi badda-daree kilaastaroota Asallaa fi Shaashamannee keessatti midhaan gannaa maashinarii fi humna namaatiin walitti qabamaa kan jiru yoo ta’u, naannolee baddaa Asallaa, Roobee fi Gindiiriitti ammoo qamadii fi garbuun biiraa bilchaachaa jira. Naannolee kanneen keessatti dhukkuboota midhaanii, keessumaa waagii keelloo fi aramaa ittisuuf qoricha farra ilbiisotaa fi farra aramaa xiyyaaraan dabalatee biifuudhaan, akkasumas humna maatii fayyadamuun kunuunsi midhaanii taasifamaa jira. Qonnaan bultoonni dhukkuboota ittisuuf lafa qonnaa isaanii guyyaa guyyaan akka hordofan itti gaafatamaan kun hubachiisaniiru. Godinichatti bara oomisha gannaa baranaatiin midhaan gurguddoon oomishni kuntaala miliyoona 96.8 ol akka eegamu Obbo Ibraahiim Qasoon ibsaniiru.
Godinichatti gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana tokkoffaa gaggeeffame
Oct 30, 2026 425
Onkoloolessa 20/2019(ENA)-Godina Kibba Oromiyaa kilaastara Yaaballoo, Bulee Horaa fi Adoolaatti gamaaggamni raawwii hojii paartii fi mootummaa Kurmaana 1ffaa adeemsifameera. Sadarkaa pirezedaantii itti aanaatti bulchaa godina kibba oromiyaa obbo Ahmed Haajii gamaaggamichaa irratti yaada kaasaniin, Gamaaggamni kun karooraa fi raawwii madaaluu bira darbee, kallattii imala ce’umsaa qabanne murteessuu keessatti gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru. Qormaanni keenya karoora gaarii qopheessuu qofa osoo hintaane, kaayyoo isaa ifatti hubachuu, dandeettii raawwii keenya sirnaan qindeessuu, humnoota misoomaa qabnu guutummaatti sochoosuu fi raawwii yeroo gabaabaa galmoota ce’umsaa yeroo dheeraa waliin wal-simsiisuu ture jedhan. Gamaaggamni kun hanqinoota adda baasuu bira darbee, murtoo sirreeffamaa, itti gaafatamummaa ifaa fi tarkaanfii raawwii irratti waliigaltee uumuu keessatti hiikkoo tarsiima’aa kan qabaatu akka ta’e kaasaniiru. Tarkaanfiin keenya kamuu dinagdee jabaa uumuu, dhaloota dorgomaa horachuu fi sirna jabaa ijaaruutti kan nubaasu ta'uu qabaata jedhaniiru. Itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa damee Godina Kibba Oromiyaa Obbo Wondimmuu Roobee gamaaggamicha irratti argamuun haasaa taasisaniin, Imalli badhaadhinaa waggoottan jijjiiramaa darban taasifne aarsaa heddu kan gaafatee fi bu'uura utaalchoo kan kaa'e ta'us, gahaadha jedhamuun kan itti quufinsaaf nukaadhimu miti jedhan. Har'as hiyyummaa, wallaallummaa fi boodatti hafummaa, hoji-dhabdummaa, rakkoo kenniinsa tajaajilaa fi hanni, hundaa'ol ammoo gufuuwwan badhaadhinaa kanneen salphifnee ilaaluun dhimma baldhinaan muldhatudha jechuun ibsaniiru. Haa ta’uu malee kurmaanota dhufan keessatti dhimmoota sirreeffaman ta'uu eeraniiru. Itti aanaa bulchaa fi itti gaafatamaa kilaastera misoomaa godina kibba Oromiyaa Obbo Adulaa Hirbaayyee, karoora milkeessuun waadaa galuu qofa miti jedhaaniiru. Humna qabnu hubachuu fi sirnaan qindeessuu, gufuuwwan mudatan irraa barachuu, hanqina sirreessuu fi bu’aa qabatamaa jireenya ummataa keessatti muldhatu dhugoomsuu, hundaa’ol ammoo ce’umsa sirnaawaa milkaa'aana qabu mirkaneessuu waan ta'eef kana hubannee irratti hojjechuu qabnaa jedhan.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 72
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 217
  Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha.   Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru.   Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Nageenyi Saayibarii bu’uura maqaa Gaarii fi amantaa maamiltoota Baankii Daldala Itoophiyaati – Abbee Saanoo
Oct 29, 2026 435
Onkoloolessa 19/2019 (ENA) – Nageenyi saayibarii bu’uura maqaa gaarii Baankii daldala Itoophiyaa fi amantaa maamiltootaa ta’uu Pirezidaantiin baankichaa Abbee Saanoo ibsan. Baankiin Daldala Itoophiyaa yaa’ii ji’a nageenya Saayibarii 3ffaa gaggeessuu eegaleera. Pirezidaantiin Baankii Daldala Itoophiyaa Abbee Saanoo sirna baniinsa yaa’ichaa irratti ergaa dabarsaniin, qabeenyi tajaajila baankichaa inni guddaan amantaa uummataa ta’uu ibsaniiru. Amantaa maamiltootaa eeganii itti fufsiisuuf nageenya maallaqaa fi odeeffannoo isaanii mirkaneessuun murteessaa ta’uu dubbataniiru. Kana milkeessuufis hoggantoonnii fi hojjettoonni baankichaa hundi itti gaafatamummaa waloo isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Addunyaa dijitaalaa keessatti amantaa maamiltootaa mirkaneessuuf nageenya maallaqaa fi odeeffannoo isaanii eeguun murteessaa ta’uu kan ibsan Abbee Saanoo, sirrii ta’uun raawwii daldalaa fi dabarsa maallaqaa baankichaas wabii amantaa maamiltootaa ta’uu himaniiru. Nageenyi saayibarii maqaa gaarii baankichaa eeguu fi amantaa maamiltootaa cimsuuf bu’uura murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Namoonni haleellaa saayibarii raawwatan bilbilootaa fi ergaawwan Baankii Daldala Itoophiyaa irraa ergaman fakkeessuun maamiltoota gowwoomsuuf yaalii akka taasisan ibsaniiru. Keessumaa, jecha iccitii maamiltootaa, koodii mirkaneessaa yeroo tokko qofaaf tajaajilu (OTP) fi odeeffannoowwan iccitii biroo argachuuf mala gowwoomsaa garaagaraatti akka fayyadaman eeraniiru. Kanaaf, Baankiin Daldala Itoophiyaa sirnootaa fi teeknooloojiiwwan isaa haleellaa saayibarii irraa eeguudhaan amantaa maamiltootaa itti fufsiisuuf hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Maamiltoonni hundi beekumsa teeknooloojii fi hubannoo nageenya saayibarii walqixa waan hin qabneef, hojii hubannoo uumuu cimsuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Hojjettoonni baankichaa qaama sirna ittisa haleellaa saayibarii ta’uu kan ibsan Abbee Saanoo, haleellaawwan saayibarii hedduun dogoggora namootaa fi walitti dhufeenya amantaa jiru fayyadamuuf kan yaalan ta’uu hubachiisaniiru. Kanaafuu, hojjettoonni baankichaa maallaqaa fi odeeffannoo iccitii maamiltootaa eeguu qofa osoo hin taane, sochiiwwan shakkisiisoo ta’an qaama dhimmi ilaallatuuf beeksisuu akka qaban dhaamaniiru. Hubannoo maamiltootaa yeroo yeroon guddisuun hojii ittisa haleellaa saayibarii itti fufiinsa qabu hojjechuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru. Baankiin Daldala Itoophiyaa haleellaawwan saayibarii erga raawwatamanii booda ittisuuf yaaluu caalaa, osoo hin raawwatamin dura adda baasuu fi ittisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Pirezidaantii baankichaa Abbee Saanoo ibsaniiru.
Afriikaan sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeessu ijaaruun birmadummaa teeknooloojii ishee mirkaneessuu qabdi - Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 24, 2026 887
Onkololeessa 14/2019 (ENA)-Afriikaan dandeettii ishee walitti fiduun, sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeessu ijaaruun abbummaa teeknooloojii ishee mirkaneessuu qabdi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee dhimma birmadummaa fi jireenya ummata miliyoona 130 ta’uu isaa ibsaniiru. Sagantaan baniinsa waltajjii Foramii Xaanaa 12ffaa magaalaa Bahaar Daar qarqara haroo xaanaatti mata-duree “Karaa Nagaa Afriikaa Keessatti; birmadummaa dinagdee fi jijjiirama Jji’oo-siyaasaa” jedhuun eegalameera. Afriikaa keessatti furmaata nageenyaa sadarkaa ardiitti maddisiisuun, birmadummaa dinagdee fi jijjiiramni ji’oo-siyaasaa ajandaawwan Foramii Xaanaa baranaa irratti xiyyeeffatudha. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti, keessummoota Iiytoophiyaa, biyya seenaa durii qabduu fi Bahaar Daar, bakka madda Abbayyaa ta’etti argaman baga nagaan dhuftan jechuun simataniiru. Foramiin Xaanaa nageenyaa fi tasgabbii Afriikaa irratti mari’achuuf waltajjii ardii Afriikaaf murteessaa ta’uu isaa ibsaniiru. Rakkoolee Afriikaa keessatti umaman hunda to’achuun akka hin danda’amne ibsanii, dandeettii lammiileen rakkoolee dandamachuu cimsuun garuu dirqama keenya ta’uu hubachiisaniiru. Nageenyaa fi misooma waaraa Afriikaa keessatti mirkaneessuuf, jalqaba nageenya lammiilee eeguun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Walitti bu’insa marii fi walii galteen hiikuuf aadaa gaarii horachuun nageenya waaraa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kan ibsan Ministirrri muummee, waltajjiin Foramiin Xaanaa marii qofaan osoo hin daangeffamiin tarkaanfii qabatamaa fudhachuu akka qabu dubbataniiru. Afriikaan nageenya ishee ofiin murteessuu qabdi kan jedhan Ministirri muummeen, xiyyeeffannoon keenya ummata keenya irratti ta’uu qaba jechuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma walitti hidhuun, hidha haaromsa guddicha xumuruudhaan humna elektirikii biyyoota ollaa isheefis dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru. Dabalataanis, yeroo dhihoo keessatti warshaa qulqulleessa albuudaa banachuun albuuda Afriikaa qulqulleessuuf gumaacha akka taasisu ibsaniiru. Afriikaan dandeettii ishee walitti fiduu akka qabdu kan hubachiisan Ministirri muummeen, sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeenyu ijaaruun abbummaa teeknooloojii keenya mirkaneessuu qabna jedhaniiru. Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Nam-tolchee (AI) Ida’amuu ijaaruu irratti argamuu ishee kan ibsan Ministirri muummee, Yuunivarsiitichi Afriikaanota dabalatee namoota hedduu hirmaachisuu akka danda’u dubbataniiru. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee dhimma abbummaa biyyaalessaa fi jireenya ummata miliyoona 130 ta’uu isaa irra deebi’anii ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu kan eeran Ministirri muummee, naannoon Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa hojiirra ooluu akka qabu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy Initiative) jalatti biqiltuuwwan biliyoona hedduutti lakkaa’aman dhaabuu ishee kan ibsan Muummeen Ministiraa, misoomni karaa nagaa isa ijoo ta’uu dubbataniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii sochii misooma turizimii fi misooma margaatiin magaalaa Bishooftuu ni gargaara
Oct 31, 2026 281
Onkoloolessa 21/2019 (ENA): Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii magaalaa Bishooftuutti sochii turizimiifi misooma margaa fooyyessuuf ni gargaara jechuun Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsan. Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa buufataalee chaarjii elektirikii Bishooftuu, Moojoo, Adaamaa, Baatuu fi Hawaasaa akkasumas bakkeewwan shan Finfinneetti ijaarsise eebbisiisaa jira. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamayyoo Asaffaa sirna eebba buufataalee chaarjii elektriikii Bishooftuutti ijaaramaanii irratti haasaa taasisaniin akka ibsanitti; Bishooftuun Finfinnee irraa kiilomeetira 47 fagaattee kan argamtu, qabeenya uumamaa fi haroowwan isheetiin kan beekamtu wiirtuu turizimii fi diinagdeeti jedhaniiru. Buufataaleen magaalattiitti ijaaramaan kun konkolaattota elektirikii salphaatti chaarjii gochuuf kan dandeessisan ta'uu yaadachiisuun, imaltoonni sababoota adda addaatiin gara Bishooftuu dhufan magaalattii keessa akka turan ni gargaara jedhaniiru.   Konkolaattota elektiriikii fayyadamuun fedhii boba'aa xiqqeessuuf, faalama qilleensaa hir'isuufi misooma margiisaa cimsuuf filannoo barbaachisaa ta'uu dubbataniiru. Fuulduraafis Bishooftuu fi naannoo isheetti buufataaleen chaarjii elektriikii dabalataa yeroo ijaaraman, bakka pirojektoota kanaatiif barbaachisu qopheessuu irraa eegalee hanga hojii jalqabsiisuutti bulchiinsi magaalichaa deeggarsa irraa eegamu hunda akka taasisu mirkaneessaniiru. hojii raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Elektriikii Itoophiyaa Injiinar Geetuu Garramaawu gamasaaniin; magaalota gurguddoo ja'a keessatti buufataaleen chaarjii saffisaa konkolaattota elektriikii ammayyaa 11 ijaaraman yeroo tokkotti konkolaattota 96 chaarjii gochuu kan danda'an ta'uu ibsaniiru. Dhaabbichi yeroo tokkotti hanga konkolaattota 150 chaarjii elektiriikii taasisuu kan dandeessisu uumuu isaas eeraniiru.   Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektriikii fayyadama anniisaa qulqulluu jajjabeessuu bira darbee, faalama qilleensaa fi boba'aa irratti hirkattummaa jiru hir'isuuf akka gargaaru ibsaniiru. Fuulduraafis Maqalee, Baahir Daar, Gondar, Jigjigaa, Dirredawaa, Jimmaa, Arbaa Minchii fi magaalota biroo keessatti buufataalee chaarjii elektriikii dabalataa babal'isuuf karoorri qabamuu isaa beeksisaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa  
Marsareetiin Itoophiyaa beeksisu ifoome
Oct 28, 2026 515
Addunyaan Itoophiyaa maqaa qofaan ishee beeka malee haala gaariin seenaa fi qabeenya ishee sirriitti hin hubanne. Kunis karaalee ittiin Itoophiyaan beeksifamtu dhibuu isaati. Har'a garuu Marsareetiin Itoophiyaa fi qabeenya ishee addunyaatti sirriitti beeksisu ifatti eegaleera. Itoophiyaan, lafa argama buna buna bosonaa addunyaaf gumaachitedha. Maal kana qofaree Itoophiyaan bakka madda dhala namaatis. Maddi dhala namaa kuni immoo yeroo ammaa kana qilleensa qulqulluu ashaaraa magariisaa isaan dhaabeen aara galfachaa jira. Itoophiyaan laggeen ishee, qilleensaa fi humna aduu gara anniisaatti jijjiirtee of bira darbitee ollaa isheef ifa taateetti. Magaalonni Itoophiyaa miidhaganii abaaboo Afrikaa ta’anii mul’achaa jiru. Itoophiyaan fakkeenya gootummaa, Boonsituu Afriikaanotaa, sagalee tokkummaa Paan Afriikaa taateetti. Itoophiyaan qaroomina ishee durii har’as siidaan, barreeffama mataa isheen, weedduu fi sirbootaan fi pirojektii isheetiin dhalootaaf kaa’aa jirti. Atileetonni ishee miira injifannootiin bakka deeman maratti kan injifatan, Itoophiyaa fi faajjii ishee addunyaaf beeksisaniiru. Imala seena qabeessa gara ‘COP32’tti, marsariitiin kun waltajjii birmadummaa, qabeenyaa fi abdii Itoophiyaa, seenaa keenya irraa kaasee hanga raawwii keenya ammaatti, qaroomina keenya irraa eegalee hanga mul’ata egeree keenyaatti addunyaaf itti dhiheessinudha. Hambaa ishee durii beekaa; Seenaa Itoophiyaa dhugaa ba'aa! #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 1345
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera.   Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 33674
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 23772
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20041
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015