Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Hidhi Haaromsaa dhiheessii humna ibsaa mirkaneessuun fooyya’insa dijiitraalayizeeshiniif   bu’aa guddaa gumaacha
Nov 5, 2025 56
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Hidhi Haromasa Itiyoophiyaa Guddichi dhiheessii humna Annisaa mirkaneessuun qulqullina kenna tajaajila Dijiitaalaa fooyyessuuf qooda olaanaa akka qabu iibsameera. Hidhi Haromasa Itiyoophiyaa Guddichi guddina hunda galeessaa fi Dinagdee gooroo fi hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuuf qooda qabaachuu ibsaniiru. Itiyooteeleekoomitti Ofiisarri manii Biizinasii Buruuk Adaanaa TOI’f akka ibsaniitti, Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi injifannoo Adawaa booda pirojektii fakkeenyuummaa birmadummaa Afrikaa keenyaa kan itti dabaledha. Hidhi Haaromsaa dhiheessii Annisa Amansiisaa mirkaneessuun saffisa Dijiitaalayizeeshiniif faayidaa qabu dabalatee guddina Dinagdee Gooroof qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Hidhichi dhaqqabamummaa Annisa biyya keessa guddisuun babal’ina bu’uuraalee misoomaa fi guddina hunda galeessa hawasaaf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru. Dhiheessi Aannisaa fulla’aa qulqullina neetwoorkii mirkaneessuu fi hirmaachisummaa faayinaansii dhaqqabamaa taassisuuf qooda qabaachuu hubachiisaniiru. Tajaajila Istaatstiiksii Itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaan koomunikeeshinii fi Quunnamtii uummataa Saafii Gammadii gamasaaniin, Hidhi Haaromsa guddichi Itiyoophiyaanonni waloon kan raawwanne Adawaa 2ffaa dha jedhaniiru. Tajaajilichi biyyichatti odeeffannoo amanamaa fi wayitaawaa kan dhiheessu ta’uu eeruun, waajjiraalee dhaabbatichaa 26tti sarvisii mataasaanii kan qabanii fi dhiheessii annisaa guddaa kan barbaadan ta’uusaanii dubbatanmiiru. Hidhichi dhiheessii Aannisaa fulla’aa kan mirkaneessu ta’uusaatiin tajaajilichi teekinooloojii saffisaa Fayyadamuun Sirna Istaatistiiksii Ammayyaa’aa ijaaruuf tattaaffii eegaleef qooda qabaachuu ibsaniiru. Tajaajilichi Aannisaa Hidhichi Maddisiisu Teekinooloojii Dijiitalaaf fayyadamuun qulqullina odeeffannoo walitti qabatu eeguu fi odeeffannoo walitti qabuu saffisiisuu akka dandeessisu hubachiisaniiru.
Naannichatti baatii sadan darban dhaabbilee daldalaa seraan ala daldalan kuma 49 caalanirratti tarkaanfiin fudhatameera-Biiroo daldalaa naannoo Oromiyaa
Nov 5, 2025 51
Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Naannichatti baatii sadan darban dhaabbilee daldalaa seraan ala daldalan kuma 49 caalanirratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuusaa Biiroon daldalaa naannoo Oromiyaa beeksise. Itti aanaan hoogganaa biiroo daldalaa naannichaa Tasfaayee Gashoo TOI’tti akka himanitti, naannichatti daldala seeraan alaa ittisuun sirna daldalaa seera qabeessa dagaagsuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira. Bara sadan darban bara bajatichaatti humni waloo poolisii,abbaa alangaa, biirolee galiiwwanii fi geejjibaa irraa walitti baba’e hundaa’ee godinichaa fi magaalotattito’annoo gochaa akka jiru dubbataniiru. Keessumaa hubannoo uumameen hawaasni yakka daldala seeraan alaan irratti raawwatamu beeksisuu fi eeruu kennuun qooda olaanaa akka bahate dubbataniiru. Naannichatti dhaabbilee daldalaa hojiilee seeraan alaa kanneen akka eyyama daldalaa malee daldaluu, oomisha waan hin malle itti makuun gurguruu, gatii maxxansuu dhabuu raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhaniiru. Dhaabbilee daldalaa madaallii waliin dhahan, naga’ee kan hinkunne, oomishaa fi shaqaxa seeraan ala kan kuusanii fi dhoksan irratti dinniinni,saamsuu fi tarkaanfiiwwan bulchiinsaa biroon fudhatamaniiru jedhan. Keessumaa namoonni daldala boba’aa seeraan alaa irratti bobba’an 30 seeraan kan gaafataman yemmuu ta’u kanneen keessaa namoonni shan hidhaa waggaa 4’n adabamuusaanii dubbataniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa dargaggootaa walooma caalaatti cimsuun bu’aa abdachiisaa fideera – Ministeera Nageenyaa
Nov 5, 2025 68
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Tajaajilli tola ooltummaa dargaggootaa daangaa ce’u walooma caalaatti dagaagsuun bu’aa abdachiisaa fiduusaa Ministeerri Nageenyaa ibse. Sirni eebbaa leenjii tola ooltummaan waloomaafii dargaggoota marsaa14ffaa ministeerichi Yunivarsiitii Jimmaan wal ta’uun qopheesse har’a magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera. Saganticharratti Ministeera Nageenyaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan hoggansa hojii Mabiraatuu Kaasaa akka dubbatanitti, leenjiin tola ooltummaan waloomaaf jedhu dargaggoota naamusa gaariin ijaaruun jaalala biyyaan akka guutaman haala mijataa uumeera. Hanga ammaatti dargaggonni kuma 60 ol leenji’anii biyyittii Naannoowwan adda addaatti bobbaa’uun hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa raawwatan walooma caalaatti cimsuun bu’aa jajjabeessaa fiduusaa ibsaniiru. Dargaggoonni kun naannoo ramadamanitti Ambaasaaddara nageenyaa ta’uunii fi hojii tola ooltummaarratti bobba’anirratti dhiibbaa uumuu danda’uusaanii kaasaniiru. Dargaggoonni kun Afaanota adda addaa fi duudhaalee aadaan wal baruun hedduummina dagaagsuun walii galtee biyyoolessaaf qooda olaanaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Marsaa Kanaan gidduu gala leenjii shanitti kan hirmaatan dargaggoonni kuma 5 ol gara naannoolee biyyittii adda addaatti bobba’uun hojii tola ooltummaa akka kennan beeksisaniiru. Yunvarsiitii Jimmaatti Itti Aanaan pirezidaantii dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Taaddasaa Habtamuu gamasaaniin, Yunvarsiitiin Jimmaa hojiiwwan tola ooltummaarratti hirmaachuun qoodasaa bahaa jira jedhjaniiru. Ministira nageenyaa waliin qindaa’uun leenjii dargaggoonni fudhataniif turtii gaarii akka dabarsaniif deeggarsa barbaachisaa taassisuusaa dubbataniiru. Naannoolee biyyattii adda addaarraa dhufuun dargaggootni lenjii fudhatan turtiisaaniin beekumsaa fi dandeettii bu’uura jireenyasaaniif ta’u akka argatan taassifamuu dubbataniiru.
Kan mul'ate

Izziin Bahaa dirqama kennameef hunda gootummaan, ga’umsa olaanaa  waardiyyaa daangaa biyyasaa fi birmadummaashee ta’uun kutannoon dhaabateera
Nov 5, 2025 71
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Raayyaa ittisa biyyaatti Izziin Bahaa dirqama kennameef hunda gootummaan, ga’umsa olaanaa waardiyyaa daangaa biyyasaa fi birmadummaashee ta’uun kutannoon dhaabachuunsaa ibsameera. Raayyaa ittisaatti Izziin bahaa, baha Itiyoophiyaa bakkeewwan garagaraatti bobba’uun ergama kennameef ga’umsa olaanaan bahachaa jira. Keessumaa shororkeessaan Alshabaab kan Somaaliyaa keessa socho’u miliqee galee misooma Itiyoophiyaatti gufuu nageenyaa akka hin taane Izzichi gaachana amansiisaa ta’ee halkanii fi guyyaa dirqamasaa bahaa akka jiru ni beekama. Raayyaa ittisa biyyaatti itti aanaan ajajaa koorii 305ffaa Izzii Bahaa Le’oppireeshinaal koloneel Maarisheet Felegee, Izzichi dirqama itti bobba’e hundatti gootummaan ga’umsa olaanaa fi kutannoodhaan daangaa biyyaa fi birmadummaasheef waardiyyaa ta’ee hojjechaa jira jedhaniiru. Miseensonni Koorichaa humnoota farra nageenyaa qaxanicha keessa socho’an hordofee yaaddoon tokkollee naannawicha keessa akka hin jiraanne hojjechaa akka jiran mirkaneessaniiru. Pirojektoonni misoomaa gurguddoon Baha Itiyoophiyaatti tajaajila eegalanii fi ijaarsarra jiran gufuun tokkollee akka isaan hin mudanne kooriin kun eegumsa amansiisaa gochaa akka jiru ibsaniiru. Izzichatti ajajaan kutaa waraanaa 28ffaa reejimantii 2ffaa shaamballii 1ffaa ajajaan dhibbaa Geetaasawu Gaashaawu gamasaaniin, Izzichi keessumaa shororkeessaan Al shabaab Somaalee keessa Socho’u, diinonni biyya alaa biroon nagaa fi misooma Itiyoophiyaaf yaaddoo akka hin taane ga’umsa olaanaan dirqamaa fi itti gaafatama kennameef bahachaa akka jiru kaasanii, cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Izzichatti qondaalli duulaa kutaa waraanaa 27ffaa ajajaan dhibbaa Geetaamasaayi Daawiit, Izzichi kabajamuu daangaa fi birmadummaa biyyasaaf gootummaa, ga’umsa olaanaa fi kutannoon hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Ajajaan Epiisii ajajaa dhibbaa Dajanee Abbabaa gamasaaniin Izzichi Baha Itiyoophiyaa fi naannawoota daangaatti gaachana amansiisaa ta’ee hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaa tuquu kan barbaadu yoo jiraate raayyaan amansiisaa fi cimaa tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu danda’u, bakkaa fi haala qilleensaa kamiyyuu keessatti dirqama kennameef ga’umsa olaanaa bahatu ijaarameera jechuun mirkaneessaniiru.
Shaampiyonsi Liigichatti  Maanchister siitiin  Booruusiyaa dormundi waliin  taphni taassisan  ni eegama
Nov 5, 2025 77
Onkoloolessa26/2018(TOI)- Shaampiyooonsi Liigii Awurooppaatti har’a taphoonni sagal gaggeeffamu . Maanchisteer siitiin boorusiyaa doormundi waliin galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Itihaaditti taphasaanii ni gaggeessuu. Boorusiyaa doormundi fi Maanchisteer siitiin qabxii wal-fakkaataa torbaan galchii gooliin wal caaluun sadarkaa 8ffaa fi 9ffaa qabataniiru. Kilaboonni kun shaampiyoonsi liigiichatti yeroo walitti dhufan kan ammaa yeroo 7ffaadha. Taphoota ja’a ammaan dura taassisaniin Maanchisteer siitiin yeroo sadii yoo Injifatu, dormundi yeroo tokko mo’eera. yeroo lama immoo qixaan adda ba’aniiru. Taphoota sanaan Maanchisteer siitiin golii torba yoo lakkoosisu, doormundi goolii shan galcheera. Dormuundi siitii kan injifate A.LA dorgommii bara 2012/13 yoo ta’u , ramaddiin walittidhufanii 1 fi 0 mo’achuu danda’eera. Kilaboonni lameen wal morkii dhumaa kan walitti dhufan A.L.A bara 2022/23 dha. Tapha yeroosana gaggeessaniin galchii malee qixaan adda bahaniiru. Gareen kun waggoota dorgomii darban hanqina gahumsa qaban qorachuun bara kana sochii gaarii taassisaa jira. Tapha guyyaa har’aan wal morkii cimaa ni taassisu jedhamee eegama. Taphicha poolaandaawwicha Simoon nama waggaa 44 olaantummaan ni gageessa. Sagantaawwan biroon kilabiin Biruuzyi Barseloonaa waliin, Benefiikaan Baayer Leverkusen waliin, Intermiilaan kaayiraat Almaatii waliin, Marseey Atilaantaa waliin , Niwuukaastil yuunaayitid Atileekoo biilbaa’oo fi Ayaakis Galatasaraay waliin galgala sa’aatii 5:00 wal-fakkaataatti taphasaanii ni gaggeessu. Galgala sa’aatii 2 :45 tti kaarabaag chelsii waliin fi paaroos eefsii Viyariyaal waliin taphatu.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Dhuma bara hojii Mana richaarraa maaltu eeggamaa
Nov 3, 2025 309
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii dhumaarra dhimmoonni eegaman maalfa’ii ? Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaan bara kana ni xumurama jedhameetu eegama. Manni marichi Aangoo heera mootummaan kennameef bu’uureffachuun seera ni baasa, dhaabbiilee raawwachiiftotaa ni hordofa, ni to’ata. Dippiloomaasii Paarlaamaa akkasumas bakka bu’ummaa ummataa ni raawwata. Manni marichi waggoottan Afran darban jijiirama biyyoolessaa caalaatti kan saffisiisanii fi hojiiwwan gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa ilaallatan hojjechaa turuusaa Miseensonni Mana Maree kaasaniiru. Dhimmicharratti Miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataa TOI’n dubbise yeroo hojiisaanii hafe guddina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’aniif cimmanii akka hojjetan mirkaneessaniiru. Miseensota Mana Maree keessaa Dr.Mabiraatuu Alamuu bara qabame dhimmoota eegaman keessaa Komishiniin Mareen biyyoolessaa ajandaawwan filatamanirrattii marii taassisudha jedhaniiru. Komishinichi cabinsa siyaasa Itiyoophiyaa suphuu fi rakkoowwan turan aadaa mariin furuuf dagaagsuuf furmaata akka fidu amanamuusaa kaasaniiru. Manni marichi yeroo hojiisaa hafetti komishiniin marii biyoolessaa gara hojiitti akka galuu fi rakkoowwan mariin furmaata akka argataniif cimsee ni hojjeta jedhaniiru. Gareen obbolaawwan Paarlaamaa Itiyoophiyaan biyyoota Ollaa waliin hariiroo qabdu caalaatti cimsuuf xiyyeeffanoon akka hojjetan kan ibsan immoo miseensa mana maree biroo Saadiq Adami. Dippiloomasii paarlaamatiin faayidaa biyyoolessa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi dhimmoota fedhii misooma biyyattii hubachiisan irratti bal’inaan ni hojjetama jedhaniiru. Miseensa Mana Maree bakka bu’oota Ummataa Dr. Alamuu Gonfaa gamasaaniin, bara bajataa qabametti Itiyoophiyaatti Pirojektoonni misoomaa hedduun eegalamuusaanii ibsaniiru. Miseensonni mana marichaas yeroo hojiisaanii waggaa dhumaa pirojektoota kana saffisa foyya’aa fi kalaqaan akka dhugoomuuf deeggarsaa fi hordoffii addaa taassisu jedhaniiru. Mana maree Itti aanuuf haala mijataa uumuu fi qooda miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa waggaa shanii ta’uu hubachiisaniiru.
Humnoonni hojii baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu qabu – fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa
Nov 3, 2025 221
Onkoloolessa 24/2018(TOI)- Humnoonni gocha baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu akka qaban Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan. Haleellaan raayyaa ittisaa Izzii kaabaarratti raawwatame kan yaadatamu gochi gaddisiisaan raawwatame kan yaadatamu yoomiyyuu akka hindeebine yaadachuuf ta’uu Itaamaajoora Shuumiin humnoota waraanaa walii gala ibsaniiru. Raayyaan ittisaa Izzii Kaabaa Yaadannoo haleellaa irratti raawwatame waggaa shanaffaa mata duree “akka hindeebine yoomiyyuu hin hrraanfannu” jedhuun wiirtuu leenjii izzii komaandoo fi humna qilleensaatti Bishooftuutti kabajameera. Onkoloolessa 24 bara 2013 waggaa shan dura qaama raayyaa ittisa biyyaa kan ta’e Izzii Kaabaarratti hojiin gantummaa akka irratti raawwatame ni beekama. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itti aanaan Itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa walii gala Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi qondaaltonni jeneraalaa onaanoo biroo fi miseensonni raayyaa ittisaa saganticharratti, argamaniiru. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Onkoloolessi 24 yaadannoo wareegamtoota Izzii kaabaati. Raayyaan ittisaa daangaa biyyasaa kabachiisuun birmadummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf qophii ta’uus dubbataniiru. Miseensonni raayyaa ittisaa izzii kaabaa naannoo Tigraayiif dahannoo fi dallaa akka ture ibsanii, amma ammaatti Izzii kaabaan alatti lammii isaatiin haleellaan kan irra gahe akka hin uumamne dubbataniiru. Raayyaan ittisaa ofirraa hir’isee Tigraayitti mana barumsaa hedduu, dhaabbilee fayyaa fi misooma qonnaa akka raawwate ibsanii, gochi Onkoloolessa 24 raawwatame garuu seenaa Itiyoophiyaa keessatti godaannisa bara baraati jedhaniiru. Haleellaan Izzii kaabaarratti raawwatame yoomiyyuu akka hin hirraanfatamne ta’uu ibsanii, guyyaan kun kan yaadatamu kana booda akka hin deebineef ta’uu dubbataniiru. Fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa guyyaa kana yemmuu yaadatan, mootummaan wayita sana walitti bu’iinsa bakka garagaraatti ture qabbaneessuuf yeroo itti dhama’u malee waraanaaf qophiirra akka hin turre yaadataniiru. Mootummaan yeroo hundaa daandii nagaaf balballisaa banaa taassisuu eeruun, kaleessarra barachuu dhabun walmorkiin taassifamu dhaabbachuu qaba jedhaniiru. Miseensonni muraasni ABUT qaamolee hidhatan deeggaruun, biyyoota ollaa waliin hidhata uumuun biyya diiguuf D.D.R.’n kan walitti qabaman diiguun walii galtee nagaa Piriitooriyaa cabsaa jiraachuu ibsaniiru. Humnoonni hojii baandaarratti bobba’an kan ummata bakka hin buune kunneen hojiiisaanii biyya gantummaarraa of qusachuu akka qaban dubbataniiru. Daarektarri Olanaan Ijaarsa Xinsammuu Raayyaa Ittisa biyyaa Mejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan gamasaaniin, waggaa shanii dura miseensora raayyaa Ajaja Kaabaarratti haleellaan raawwatame birmadummaa biyyarratti shira yaadame ta’uu eeraniiru. Yeroon yaadannoo Ajaja kabaa haala yeroosaa gituun kabajamaa jira jedhaniiru. Haleellaan raawwatame akka hin dabalamneef yoomiyyuu hin dagannu kan jedhan Mejer Jeneraal Indalkaachoon, haleellicha qolachuuf miseensota raayyaa Aarsaa kaffalan yaadachuu fi qabsosaaniif beekamtii kennuuf akka kabajamu ibsaniiru.  
Gaaffiin ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf ni hojjetama-Mana maree waloo
Oct 31, 2025 569
Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun hojiirra oolmaasaaf kan hojjetu ta’uu manni maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Oromiyaa ibse.   Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu’oota ummataaf dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seenaa qabeessaa, teessuma lafaa fi dinagdee jenneetu amanna jechuun isaanii ni yaadatama. Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu hin dandeessu, olloota keenyaaf waanti jechuu barbaannu Itiyoophiyaan yemmuu guddattu misooma riijinichaaf madda taati, kan barbaannu tumsaan guddachuudha, kanaaf dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jechuun cimsanii dubbataniiru. Hooggantoonni paartilee siyaasaa waloo naannoo Oromiyaa TOI’ waliin turtii taasisaniin, gaaffiin ulaa galaanaa dhugaawwan seera qabeessa, seena qabeessaa fi teessuma lafaa kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru.   Itiyoophiyaan waggoota dheeraaf ulaa galaanaa qabaachaa kan turte, sochii ji’oo-siyaasaa qaxanichaanis hirmaannaa guddaa qabaachaa kan turte ta’uu yaadatanii, waggoota 30 darbe ulaa galaanaa malee turuunshee kan nama gaabbisiis ta’uu kaasaniiru. Barreessaan olaanaa mana maree waloo Taarikuu dinbaruu, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte ajandaa ta’ee as bahuunsaa murteessaa fi dhimma bu’uraa waan ta’eef mootummaan galateeffamuu qaba jedhaniiru. Yaa’iin walii gala barbaachisummaa fi gaaffii haala yeroo ta’uusaa walii galtee waloorra gahee hojiirra oolmaasaaf qoodasaa bahuuf qophii ta’uusaa mirkaneessaniiru. Ulaan galaanaa Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa kan ittiin baatu, guddummaa dippilomaasii riijinichatti kan ittiin mirkaneessitu,daldalashee kan ittiin si’eessitu dhimma murteessaa waan ta’eef manni marichaa ni deeggara kan jedhan ammoo walitti qabaa mana marichaa obbo Salamoon Taaffasaati. Dhimma ulaa galaanaa ajandaa biyyaa akka ta’u kan taasisan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad galata guddaa akka qaban dubbatanii, gaaffichi meeshaa olaanaa dhimmi Itiyoophiyaa itti mirkanaa’udha jedhaniiru. Manni maree waloo naannichaa paartileen siyaasaa 22 miseensa itti ta’an, gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fidhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun akka fudhatu ta’uusaa fi deebiisaafis kan hojjetu ta’uu mirkaneesseera.
Dhimmii Ulaa galaanaa gaaffii waloo keenyaa  deebii argachuu qabudha- mana maree waloo  paartiilee morkattootaa
Oct 31, 2025 389
Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Dhimmii Ulaa galaanaa dhimma faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef gaaffii waloo keenyaa deebii argachu qabudha jechuun Manni Maree Paartii Morkattootaa Naannoo Amaaraa ibsan. Walitti qabaa Mana maree paartii Morkattootaa Naannoo Amaaraa fi durataa’aan humna sochi dimokiraasii Amaaraa Tasfaahun Alamneeh turtii TOI waliin taassisaaniin gaaffiin ulaa galaanaa dhimma biyyaa fi faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef dhimma deebii argachuu qabu gaaffii waloo keenyaati jedhaniiru. Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa jiaatus dhimma faayidaa biyyaarratti ejjennoo addaa kan hin qabne ta’uusaanii kaasuun gama Kanaan sochii Mootummaa eegalee fi Ejjannoo qabate ni dinqisiifanna ni deeggaraas jechuun mirkaneessaniiru. Dhimma kanarratti manni maree waloo dhiheenyatti akka hojjetuu fi tokkommaa sabdaneessummaashee fi faayidaa biyyoolessaashee biyya kabajameefii ijoollee keenya dhaalchisuuf ni hojjenna jedhaniiru. Akka mana maree paartiilee morkattootaatti nageenya buusuuf seera kabachiisuu fi dhimmoota keessoorratti waloon akka hojjennu hunda faayidaa biyyoolessaa fi dhimma Ajandaa biyyaarratti waloon hojjechuun dirqama keenya jedhaniiru. Mootumman Abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuuf yeroo hiriiru faallaan dhaabbachuun seenaatiin komatamaa kan nama taassisuu fi nageenya sammuu kan nama dhorkatu ta’uu kaasaniiru. Ministirri Muumee Dr. Abiyyi Ahimad guyyoota muraasa dura miseensota mana maree bakka bu’oota uummaataaf ibsa kennaaniin dhimma ulaa galaanaa argachuun kan hin jijiiramne ta’uusaa ejjennoon dubbachuun saanii ni yaadatama.
Nageenyi Godina Wallaga Lixaatti bu’e hirmaannaa fi fayyadamummaa Misoomaa guddisaa jira- Jiraattota Godinichaa
Oct 30, 2025 486
Onkoloolessa 20/2018(TOI) - Nageenyi Godhina wallaga Lixaatti bu’e hirmaanaa misoomaa fi fayyadamummaasaanii guddisaa jiraachuu jraattonni godinichaa TOI’n dubbise ibsan. Nageenyi Naannichatti bu’e sochii Hawaasummaa fi Dinagdee haala fooya’een akka raawwatamani taassisuusaa jiraattonni dubbataniiru. Jiraattota Godinichaa yaadasaanii kennan keessaa Obbo Ayyaanaa Mangashaa rakkoon nageenyaa ammaan dura naannichatti mudatee turee maqee nageenyi bu’uusaatiin hojii misoomaarratti akka ciman taassiseera. Kunis gannaa fi bona hojii misoomaarratti hirmaannaa taassisan akka dagaaguu fi fayyadamummaansaanii guddachaa akka dhufu gochuusaa dubbataniiru. Keessumaa hojiiwwan misoomaa hawaasicha fayyadan raawatamaa jiraachuu eeruun hojiiwwan misoomaa kun milkaa’inaaf akka gahanii fi nageenyi argame fulla’aa akka ta’uuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. Hirmannaa mootummaa fi uummataan nageenya naannoosaaniitti bu’een soda tokko malee socho’uun hojiisaanii hawaasummaa fi Diinagdee raawwachaa jiraachuu isaanii kan dubbatan immoo adde Ayyaantuu Horaati. Fuulduratti hojiiwwan misooma akka itti fufaniif nageenya cimsuuf tattaaffii taassifamaniif qooda gamasaanii akka bahatan ibsaniiru. Jiraataan obbo Magarsaa Aagaa jedhaman gamasaaniin, nageenya Godinichatti bu’een sochiin kallattii hundaan taassisan guutuu ta’uu fi keessumaa qonnaan bulaan sodaa tokko malee hojiisaa guyyaa guyyaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Fuuldurattis nageenya fulla’aa gochuurratti jiraattota nannoosaanii waliin wal-tumsuun hirmaannan hojii misoomaarratti taassisan akka cimsan dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Godina wallaga lixaa Geetahuun Tarfeessaa akka ibsanitti, godinichatti ummanni qaamolee ngeenyaa waliin ta’ee hojjechuusaan nageenyi fulla’aan bu’eera. Ummanni sodaa tokko malee socho’ee hojiisaa akka hojjetuuf haalli mijataan uumamuusaan uummann garaa guutuun hojii misoomaarratti hirmaachaa jira jedhaniiru. Nagenya bu’een hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufuusaanii fi nageenya argame cimsanii tursiisuuf ummanni qoodasa cimsuu qaba jedhaniiru.

Hawaasummaa
Tajaajilli tola ooltummaa dargaggootaa walooma caalaatti cimsuun bu’aa abdachiisaa fideera – Ministeera Nageenyaa
Nov 5, 2025 68
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Tajaajilli tola ooltummaa dargaggootaa daangaa ce’u walooma caalaatti dagaagsuun bu’aa abdachiisaa fiduusaa Ministeerri Nageenyaa ibse. Sirni eebbaa leenjii tola ooltummaan waloomaafii dargaggoota marsaa14ffaa ministeerichi Yunivarsiitii Jimmaan wal ta’uun qopheesse har’a magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera. Saganticharratti Ministeera Nageenyaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan hoggansa hojii Mabiraatuu Kaasaa akka dubbatanitti, leenjiin tola ooltummaan waloomaaf jedhu dargaggoota naamusa gaariin ijaaruun jaalala biyyaan akka guutaman haala mijataa uumeera. Hanga ammaatti dargaggonni kuma 60 ol leenji’anii biyyittii Naannoowwan adda addaatti bobbaa’uun hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa raawwatan walooma caalaatti cimsuun bu’aa jajjabeessaa fiduusaa ibsaniiru. Dargaggoonni kun naannoo ramadamanitti Ambaasaaddara nageenyaa ta’uunii fi hojii tola ooltummaarratti bobba’anirratti dhiibbaa uumuu danda’uusaanii kaasaniiru. Dargaggoonni kun Afaanota adda addaa fi duudhaalee aadaan wal baruun hedduummina dagaagsuun walii galtee biyyoolessaaf qooda olaanaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Marsaa Kanaan gidduu gala leenjii shanitti kan hirmaatan dargaggoonni kuma 5 ol gara naannoolee biyyittii adda addaatti bobba’uun hojii tola ooltummaa akka kennan beeksisaniiru. Yunvarsiitii Jimmaatti Itti Aanaan pirezidaantii dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Taaddasaa Habtamuu gamasaaniin, Yunvarsiitiin Jimmaa hojiiwwan tola ooltummaarratti hirmaachuun qoodasaa bahaa jira jedhjaniiru. Ministira nageenyaa waliin qindaa’uun leenjii dargaggoonni fudhataniif turtii gaarii akka dabarsaniif deeggarsa barbaachisaa taassisuusaa dubbataniiru. Naannoolee biyyattii adda addaarraa dhufuun dargaggootni lenjii fudhatan turtiisaaniin beekumsaa fi dandeettii bu’uura jireenyasaaniif ta’u akka argatan taassifamuu dubbataniiru.
Godina Gujiitti Sooranni mana barnootaatti hojiirra oolaa jiru baay’ina barattoota barnoota addaan kutanii hir’isuuf gargaaraa jira
Nov 5, 2025 48
Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa godina Gujiitti sooranni mana baakka jiru waajjirri barnootaa godinichaa ibse. Hoogganaan Waajjirichaa Saatanaa Roobee, bara barnootaa kana barattoonni kuma 439 ol galmaa’anii barnoonni kennamaa akka jiru ibsaniiru. Godinichatti tattaaffii qaqqabamaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamuun cinaatti baay’ina barattoota addaan kutanii hir’isuuf gargaarsa guddaa gochaa jira jedhaniiru. Godinichatti Barattoonni kuma 75 sagantaa kanatti fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru. Sagantaa kana itti fufsiisuuf tola ooltotaan alatti qooda fudhattootarraa qabeenya walitti qabuun itti fufuu ibsaniiru. Hoogganaan waajjira Buusaa Gonofaa godinichaa Abbaayinee Sharqichaa sagantaa kana godinichatti cimsuuf tola ooltotarraa birriin callaa mil. 4 tuqaa 2 ol argamuu ibsaniiru. Shukkaaraa fi zayita nyaataa dabalatee midhaan nyaataa kuntaala kuma 3 fi 250 ol tola ooltotarraa walitti qabamuu dubbataniiru. Saganticha fullaasuuf deeggarsi ummataa, tola ooltota fi dureeyyii cimee itti fufa jedhaniiru. Manneen barnootaa godinichaa sagantichi itti hojeeffamaa jiru keessaa manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa Oddoo Qarsaa isa tokko yoo ta’u, sagantichi hojiirra ooluunsaa barnoota bu’a qabeessa gochuun alatti barattoonni barumsa addaan kutan hir’achaa dhufeera kan jedhan dursaa mana barumsichaa Dirribaa Hundeessaati. Sagantaan soorataa kun dhiibbaa maatii hir’isaa fi fedhiin daa’imman barattootaa dabalaa dhufuu eeraniiru.
Hojiiwwan qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyessuuf hojjetaman muxannoon kan fudhatamanidha-Dhaabbata fayyaa Addunyaa
Nov 3, 2025 163
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Hojiileen Itiyoophiyaan Qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa babal’isuuf hojjete kan dinqisiifatamanii fi kan muuxannoon irraa fudhataman ta’uu dhaabbanni fayyaa Addunyaa beeksise. Dhaabbata fayyaa Addunyaatti bakka bu’aan Itiyoophiyaa, Gamtaa Afriikaa fi kommishinii dinagdee Afriikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Piroofeesar Firaansis chiisakat akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waliin gahiinsa tajaajila fayyaa qulqulluu lammiilee babal’isuuf hojiin hojjette kan dinqisiifatamuu fi kan muuxannoon irraa fudhatamudha. Piroofeesar Firaansis chiisakat TOI’f akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban Itiyoophiyaan damee fayyaan milka’ina guddaa galmeessisteetti. Itiyoophiyaatti lammiileen tajaajila qulqullina qabu akka argataniif dhiheessii meeshaalee wal’aansaa adda addaa dhaqabsiisuun, akkasumas biyya keessatti qoricha omishuurratti hojii milkaa’ina qabu hojjechaa jirti jedhaniiru. Dhaabbanni fayyaa Addunyaa Mootummaa Itiyoophiyaa waliin wal tumsuun tajaajila fayyaa fayyummaansaa mirkanaa’e dhaqqabamaa akka ta’uuf deeggarsa taassisu cimsee akka itti fufu mirkaneessera. Dhibeewwan tasaaf deebii kennuuf hojiiwwan hojjetaman cimsinee itti fufna jedhaniiru . Dhaabbatichi damee Fayyaan Itiyoophiyaa waliin dhiheenyatti kan hojjetui ta’uu eeruun, kunis cimee akka itti fufu dubbataniiru. Keessumaa dhukkuboota wal’aansa hatattamaa barbaadanii fi weerara to’achuuf Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf Covid-19 ittisuuf Mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojiin milkaa’inaa hojjetamuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Afriikaatti gidduugala Omisha Qorichaa akka taatuuf deeggarsa taasisuun haala danda’amurratti argamna jedhaniiru.
Lammiileen Waliin dhooftota kanneen hojiif biyya alaatti ni ergina jedhanirraa akka ofeeggatan gaafatame
Oct 31, 2025 312
Onkoloolessa 21/2018 (TOI)-Lammiileen qaamolee waliin dhooftota bu’ura seeraa fi biyyoota alaa waliin walii galtee osoo hin qabaatiin ‘hojjetaa biyya alaatti ni ergina’ kanneen jedhaniin akka hin gowwoomne ofeeggachuu akka qaban ibsame. Namni hojiif biyya alaatti kan ergamu karaa ministeera hojii fi ogummaa qofa ta’uun ibsameera. Haala Kanaan namoonni bakka jiranirraa hojii biyya alaaf galmaa’uu akka danda’an sirni odeeffannoo gabaa Itiyoophiyaa https://lmis.gov.et/ diriirfamee hojjetamaa akka jiru eerameera. Kana hordofuun biyyoota jiddu galeessa bahaa jaaha Itiyoophiyaan walii galtee mallatteessitetti deemuuf kan dandeessisu leenjii fi madaalliin erga raawwatamee booda hojiif akka ergaman beekameera. Kun osoo Kanaan jiruu beekamtii eyyama mootummaan ala namni hojiif biyya alaatti ergamu akka hin jirre hubachuun, namoonni lubbuusaanii, yeroosaanii akkasumas maallaqasaanii akka hin dhabne gaafatameera. Karaa faddaaltota seeraan alaa namoota deddeebisaniin biyya alaa deemuun jireenya ofii akkasumas jireenya maatii rakkoo hammaataaf akka saaxilu hubachuun adeemsa balaafamaa akkasuurraa akka of qusatu gorsaniiru. Ministeera hojii fi ogummaatti hojii raawwachiisaan hariiroo ummataa fi komunikeeshinii Abbabaa Alamuu Turtii TOI waliin taasisaniin, fayyadama carraa hojii dilbii biyya keessaa irratti bu’uureffate guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hojiif biyya alaa deemuun yoo barbaachises karaa hojmaata ministeerichaan diriirfamanii mana leenjii teekiniikaa fi ogummaa aanaa isaaniitti argamutti leenji’uun nageenyisaanii akkasumas fayyadamummaan isaanii eegamee haalli hojiif ergaman akka jiru himaniiru. Hojiif biyya alaatti erguu ilaalchisee odeeffannoo argachuuf karaa toora bilbilaa 9138 tolaan bilbiluun akka danda’amu dubbataniiru.
Diinagdee
Hidhi Haaromsaa dhiheessii humna ibsaa mirkaneessuun fooyya’insa dijiitraalayizeeshiniif   bu’aa guddaa gumaacha
Nov 5, 2025 56
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Hidhi Haromasa Itiyoophiyaa Guddichi dhiheessii humna Annisaa mirkaneessuun qulqullina kenna tajaajila Dijiitaalaa fooyyessuuf qooda olaanaa akka qabu iibsameera. Hidhi Haromasa Itiyoophiyaa Guddichi guddina hunda galeessaa fi Dinagdee gooroo fi hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuuf qooda qabaachuu ibsaniiru. Itiyooteeleekoomitti Ofiisarri manii Biizinasii Buruuk Adaanaa TOI’f akka ibsaniitti, Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi injifannoo Adawaa booda pirojektii fakkeenyuummaa birmadummaa Afrikaa keenyaa kan itti dabaledha. Hidhi Haaromsaa dhiheessii Annisa Amansiisaa mirkaneessuun saffisa Dijiitaalayizeeshiniif faayidaa qabu dabalatee guddina Dinagdee Gooroof qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Hidhichi dhaqqabamummaa Annisa biyya keessa guddisuun babal’ina bu’uuraalee misoomaa fi guddina hunda galeessa hawasaaf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru. Dhiheessi Aannisaa fulla’aa qulqullina neetwoorkii mirkaneessuu fi hirmaachisummaa faayinaansii dhaqqabamaa taassisuuf qooda qabaachuu hubachiisaniiru. Tajaajila Istaatstiiksii Itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaan koomunikeeshinii fi Quunnamtii uummataa Saafii Gammadii gamasaaniin, Hidhi Haaromsa guddichi Itiyoophiyaanonni waloon kan raawwanne Adawaa 2ffaa dha jedhaniiru. Tajaajilichi biyyichatti odeeffannoo amanamaa fi wayitaawaa kan dhiheessu ta’uu eeruun, waajjiraalee dhaabbatichaa 26tti sarvisii mataasaanii kan qabanii fi dhiheessii annisaa guddaa kan barbaadan ta’uusaanii dubbatanmiiru. Hidhichi dhiheessii Aannisaa fulla’aa kan mirkaneessu ta’uusaatiin tajaajilichi teekinooloojii saffisaa Fayyadamuun Sirna Istaatistiiksii Ammayyaa’aa ijaaruuf tattaaffii eegaleef qooda qabaachuu ibsaniiru. Tajaajilichi Aannisaa Hidhichi Maddisiisu Teekinooloojii Dijiitalaaf fayyadamuun qulqullina odeeffannoo walitti qabatu eeguu fi odeeffannoo walitti qabuu saffisiisuu akka dandeessisu hubachiisaniiru.
Naannichatti baatii sadan darban dhaabbilee daldalaa seraan ala daldalan kuma 49 caalanirratti tarkaanfiin fudhatameera-Biiroo daldalaa naannoo Oromiyaa
Nov 5, 2025 51
Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Naannichatti baatii sadan darban dhaabbilee daldalaa seraan ala daldalan kuma 49 caalanirratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuusaa Biiroon daldalaa naannoo Oromiyaa beeksise. Itti aanaan hoogganaa biiroo daldalaa naannichaa Tasfaayee Gashoo TOI’tti akka himanitti, naannichatti daldala seeraan alaa ittisuun sirna daldalaa seera qabeessa dagaagsuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira. Bara sadan darban bara bajatichaatti humni waloo poolisii,abbaa alangaa, biirolee galiiwwanii fi geejjibaa irraa walitti baba’e hundaa’ee godinichaa fi magaalotattito’annoo gochaa akka jiru dubbataniiru. Keessumaa hubannoo uumameen hawaasni yakka daldala seeraan alaan irratti raawwatamu beeksisuu fi eeruu kennuun qooda olaanaa akka bahate dubbataniiru. Naannichatti dhaabbilee daldalaa hojiilee seeraan alaa kanneen akka eyyama daldalaa malee daldaluu, oomisha waan hin malle itti makuun gurguruu, gatii maxxansuu dhabuu raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhaniiru. Dhaabbilee daldalaa madaallii waliin dhahan, naga’ee kan hinkunne, oomishaa fi shaqaxa seeraan ala kan kuusanii fi dhoksan irratti dinniinni,saamsuu fi tarkaanfiiwwan bulchiinsaa biroon fudhatamaniiru jedhan. Keessumaa namoonni daldala boba’aa seeraan alaa irratti bobba’an 30 seeraan kan gaafataman yemmuu ta’u kanneen keessaa namoonni shan hidhaa waggaa 4’n adabamuusaanii dubbataniiru.
Giddu galichi  magaalichatti  fedhii fi dhiheessii omishaa  wal madaalchisuun  sirni gabaa tasgabbaa’aan  akka  uumamu gargaareera
Nov 5, 2025 46
Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Gidduugalli gabaa Magaalaa Finfinneetti ijaaraman fedhii fi dhiheessii omishaa wal madaalchisuun sirni gabaa tasgabbaa’aan akka uumamu qood bahaa jiraachuu shammattoonnii fi daldaltoonni dubbatan. Itti Aanaan hoogganaa Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Tsaggaayee Dabalee turtii TOI waliin taasisaniin Magaalaa Finfinneetti sirna daldalaa Ammayyaa’aa diriirsuu fi fedhii fi dhiheessii wal simsiisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Giddu galli daldalaa kun midhaan, kuduraa fi muduraa akkasumas Omishawwan Industirii gatii madaalawaan dhiheessaa jiraachuu beeksisaniiru. Omishawwan giddu gala gabichaan dhihaatan dhibbantaa 15 hanga 20 hir’ina gatii akka qaban hubachiisaniiru. Gidd ugala gabaa dabalatee gabaan sanbataa fi dilbataa gabaa tasgabbeessuurratti qooda olaanaa kan bahan ta’uu eeraniiru. Giddu gala gabichatti yeroo bitatan arginee kan dubbisne Fiqiree Dirshaa yaada kennaniin, omisha barbaadan gatii madaalawaan argachuusaanii dubbataniiru. Fatiyyaa Amanuu gamasheen gidduugalichatti omishoonni gabaaf dhihaatan gatii alatti gurguramurraa garaagarummaa guddaa akka qabu ibsiteetti. Omishawwan kuduraa fi muduraan omishaarraa kallattiin shammattootaaf dhihaachuunsaanii omishawwan qulqullina qaban gatii madaalawaan akka argatan carraa uumuusaa kan dubbatan immoo Darajjee Haayiluuti. Omishtooota gidd ugala gabichaatti omishasaanii dhiheessan keessaa Gurmuu Calqabaa adeemsa gabaabsuun omishasaanii kallattiin shammattootaaf dhiheessaa akka jira ibsaniiru. Magalichatti kallattii afuriin giddu galoonni gabaa jiran gatii madaalawaa fi omisha qulqullina qabu dhiheessaa jiraachuu omishaa Heenook Mangistuu dubbataniiru. Omishaa biroon Alamaayyoo Raagoo gamasaaniin, Motummaan omishtootaf bakka hojii mijeessuusaan omishni gatii madaalawaan shammattoota bira akka gahuuf carraa uumuu himaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Xiyyeeffannoon mootummaan kenne wiirtuu ga’ooma ri’aktarii Niwukilarii Yunivarsiitichaa cimsuuf qooda guddaa qaba
Nov 4, 2025 76
Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Xiyyeeffannoon mootummaan hunmna Niwukilarif kenne wiirtuu ga’ooma ri’aktarii Niwukilarii Yunivarsiitichaa cimsuuf qooda guddaa akka qabu Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee ibse. Yunivarsiitichi karoora misooma humna niwukilaraan biyyittiin qabatte milkeessuuf damichaan qorannoo gaggeessuu fi humna nama leenji’ee horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru beeksiseera. Pirojektoota birrii biiliyoona 30’n akka ijaaraman Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad eebba hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicharratti ifoomsan keessaa niwukilaar pilaantiin isa tokkodha. Manni maree ministirootaa walgahii idiee 49ffaa Onkoloolessa 4 bara 2018 gaggeesseen dambii komishinii humna niwukilaaraa hundeessu irrattimurtoo kan dabarse yemmuu ta’u ministirri muummee komishinara komishinichaa muuduunsaanii ni beekama. Itti aantonni pirezidaantii Yunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Finfinnee turtii TOI walin taasisaniin humni niwukileerii filmaattota anniisaa qulqulluu keessaa isa tokkoo fi hojii addaddaaf faayidaa kennuu kan grgaarudha. Yunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Dr. Abriham Dabbabaa akka jedhanitti, wiirtuu ga’ooma Saddet Yunivarsiitichi qabu keessaa teeknooloojiin niwukilar ri’aaktariin isa tokkodha. Yuunivarsiitichi waggoottan saddet darban damee kanarratti hojjechaa turuusaa yaadachiisanii, bara 2016 irraa eegalee, sagantaa maastarsiin barsiisaa akka jiru dubbataniiru. Niwukilar pilaantii ijaaruuf karoorfamuusaa fi komishiniin humna niwukilaaraa Itiyoohiyaa hundaa’uunsaa hojii Yunivarsiitichi itti jiruuf humna dabalataa akka uumu dubbataniiru. Yuunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii dhimmoota akkaadaamiikii Dr. Kamaal Ibraahim gamasaaniin, Niwukilaar pilaantiin anniisaa anniisaa filmaataa argachuuf faayidaa akka qabu beeksisaniiru. Yunivarsiitichi anniisaan niwukilaaraa faayidaa tajaajila nagaaf qabu hubachuun waggaa saddet dura wiirtuu ga’oomaa teeknooloojii niwukilaar ri’aaktarii hundeessuusaa dubbataniiru. Xiyyeeffannoon mootummaan anniisaa niwukilaariif kenne tattaaffii Yunivarsiitichi eegale akka cimsu kan ibsan ammoo itti aanaa pirezidaantii dhimmoota bulchiinsaa Dr. Tamasgeen Wandimmuuti. Yunivarsiitichi komishinii humna niwukilaarii Itiyoophiyaaf deeggarsa barbaachisu gochuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Hojiin Dandeettii kalaqaa Guddattootaa fi Dargaggootaa dagaagsuuf eegalaman cimanii itti ni fufu
Oct 25, 2025 429
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Hojiiwwan damee hundaan lammii dorgomaa, gahoomee fi bu’aa qabeessa ta’e horachuuf dandeettii kalaqa dargaggootaa guddisuuf eegalaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil ibsan. Bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo Yuunvarsiitii saaayinsii fi teekinooloojii Finfinnee waliin qindoomuun guddattootaa nageenya Saayibarii fi dameelee Kanaan wal qabataniin leenjise eebbisiiseera Saganticharratti Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, De’eetaa Ministira tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gaobazaay, Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid, pirezidaantiin Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekiniooloji Finfinnee Dr.Darajjee Ingidaaw fi qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru. Ministirri hojii fi kalaqaa Mufarihaat Kamiil wayita kan akka jedhanitti, bara dijiitaalaatti dandeettii yeroon gaafatu fi beekumsa fi lammii leenji’e horachuun guddina biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii ibsaniiru. Birmadummaa guutuu Mirkaneessuf dargaggoota nageenya saayibarii fi beekumsa teekinooloojii yeroon gaafatu hidhatan itti fufinsaan leenjisuu fi hojiitti galchaa jiraachuu eeraniiru. Damee hundaan hojii bu’aa qabeessa hojjechuuf misooma qabeenya namaan keessumaa dandeettii dargaggoota kennaa addaa qaban dagaagsuuf hojiin eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid gama saaniin, Itiyoophiyaan Cehumsa gara dijiitaalaatti taassisaa jirtuun humni namaa damee nageenya saayibariin gahoome murteessaadha jedhaniiru. Kaayyoo guddaan Taalentii saayibarii samar kaampii guddattootaa fi dargaggoota damichaan kennaa addaa qaban dandeettiisaanii guddisuunii fi damichaan biyyaaf qoodasaanii akka bahan taassisuu danda’uuf ta’uu ibsaniiru. Nageenya saayibarii biyyoolessaa eegsisuuf Bulchiinsichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeruun, humna namaa beekumsaa fi dandeettii yeroon gaafatu horachuuf leenjiin saayibar taalentii kan deeggaru ta’uu eeraniiru.
Ispoortii
Shaampiyonsi Liigichatti  Maanchister siitiin  Booruusiyaa dormundi waliin  taphni taassisan  ni eegama
Nov 5, 2025 77
Onkoloolessa26/2018(TOI)- Shaampiyooonsi Liigii Awurooppaatti har’a taphoonni sagal gaggeeffamu . Maanchisteer siitiin boorusiyaa doormundi waliin galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Itihaaditti taphasaanii ni gaggeessuu. Boorusiyaa doormundi fi Maanchisteer siitiin qabxii wal-fakkaataa torbaan galchii gooliin wal caaluun sadarkaa 8ffaa fi 9ffaa qabataniiru. Kilaboonni kun shaampiyoonsi liigiichatti yeroo walitti dhufan kan ammaa yeroo 7ffaadha. Taphoota ja’a ammaan dura taassisaniin Maanchisteer siitiin yeroo sadii yoo Injifatu, dormundi yeroo tokko mo’eera. yeroo lama immoo qixaan adda ba’aniiru. Taphoota sanaan Maanchisteer siitiin golii torba yoo lakkoosisu, doormundi goolii shan galcheera. Dormuundi siitii kan injifate A.LA dorgommii bara 2012/13 yoo ta’u , ramaddiin walittidhufanii 1 fi 0 mo’achuu danda’eera. Kilaboonni lameen wal morkii dhumaa kan walitti dhufan A.L.A bara 2022/23 dha. Tapha yeroosana gaggeessaniin galchii malee qixaan adda bahaniiru. Gareen kun waggoota dorgomii darban hanqina gahumsa qaban qorachuun bara kana sochii gaarii taassisaa jira. Tapha guyyaa har’aan wal morkii cimaa ni taassisu jedhamee eegama. Taphicha poolaandaawwicha Simoon nama waggaa 44 olaantummaan ni gageessa. Sagantaawwan biroon kilabiin Biruuzyi Barseloonaa waliin, Benefiikaan Baayer Leverkusen waliin, Intermiilaan kaayiraat Almaatii waliin, Marseey Atilaantaa waliin , Niwuukaastil yuunaayitid Atileekoo biilbaa’oo fi Ayaakis Galatasaraay waliin galgala sa’aatii 5:00 wal-fakkaataatti taphasaanii ni gaggeessu. Galgala sa’aatii 2 :45 tti kaarabaag chelsii waliin fi paaroos eefsii Viyariyaal waliin taphatu.
Liigicha  dursaa kan jiru Arsenaal Bernileey waliin  ni taphata
Nov 1, 2025 232
Onkoloolessa 22/2018(TOI)- Piriimer liigii Ingiliz torban10ffaan har’a eegala. Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal gara Istaadiyeemii tarfi muritti imaluun kilaba haaraa guddate Bernileey waliin ni taphata. Arsenaal qabxii 22 sadarkaa 1ffaa, Bernileey qabxii 10iin Sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Kilabonni lameen Piriimer liigichaan yoo waliin dorgoman kan ammaa kun yeroo 19ffaa dha. Taphoota 18 Amman dura gaggeeffamaniin Arsenal Yeroo13ffaa injifachuun dursa qabateera. Bernileey yeroo tokko qofaa yoo injifatu, yeroo 4 qixaa bahaniiru. Gahumsa dinqisiisaarratti kan argamu Arsenaal taphicha akka injifatu tilmaamni duraa kennameera. Tapha Liigichaa darban lamaan kan injifate Bernileey taphichaan morkii cimaa gaggeessa jedhameetu eeggama. Sagantaawwan biroon Nootingihaam foresti Maanchistar Yuunaayitid waliin galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu. Sagantaa tapha liigichaa darban sadiin kan mo’ate Manchistar Yuunaayitid daandii injifannoon itti fufuuf kan isa taasisudha. Faallaa sanaan liigichaan injifannoo tokko qofa kan galmeessee fi hanqina qabxii guddaa keessa kan jiru Nootingihaam foresti qabxiin sadii isa barbaachisa. Kirstaal paalaas Bireentifoordi, Biraayiten Liidsi Yuunaayitid fi Fuulhaam wolvis waliin yeroo wal fakkaataa galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu Taphni Tootenihaam Hotispersi Cheelsii waliin galgala sa’aatii 12 :00 irratti gaggeessan ni eegama. Taphoota liigichaa Afran darban kan mo’atame Injifataan kan yeroo Liiverpuul galgala sa’aatii 5:00tti Istadiyeemii Anfiilditti Astonviilaa waliin taphata. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 659
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 619
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 619
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15087
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015