Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Deeggarsi hunda galeessa mootummaa bunni Itiyoophiyaa dorgommii Idil- Addunyaarratti qabu  guddisa jira  
Feb 10, 2026 12
Guraandhala3/2018(ENA)- Deeggarsa hunda galeessa mootummaan damee bunaarratti taasisuun bunni Itiyoophiyaa gabaa Idil- Addunyaarratti dorgomummaa fi filatamuummaasaa sadarkaa olaanaan guddisuusaa Al-ergitoonni damichaa ibsan. Yeroo ammaa barbaadamummaa Bunni Itiyoophiyaa Sadarkaa Idil -Addunyaatti qabu dabalaa dhufuusaan olitti bakeewwan gahumsa gabaa haaraan dabalaa jiru. Kana hordifuun biyyattiin sharafa alaa argattu yerootii gara yerootti guddina argisiisaa kan jiru yoo ta’u, Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 gabaa Idil -Addunyaaf erguun, galii doolaara biiliyoona 2 tuqaa 65n argachuu dandeesseetti. Kunis Seenaa Bunaa biyyattiitti galii guddaa fi sadarkaa qulqullinaa ta’ee kan galmaa’e yoo ta’u , mootummaan bu’aa kana ittifufsiisuun bara baajataa qabame galii argamu gara doolaara biiliyoona 3tti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.   Al-ergitoonni Bunaa ENA’f yaada kennan akka jedhanitti guddinnii fi milkaa’inni damee bunaan dhufaa jiruuf deeggarsi mootummaa guddaadha jedhaniiru. Daaretarri Al-Ergii Buna Ispeeshaalayizii Taaddasaa Dastaa Obbo Gabira Masqal Haayiluu akka jedhanitti, Xiyyeeffannoo addaa mootummaan dame kanaaf kenneen bunni Itiyoophiyaa biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa fi Chaayinaa bira darbee kutaalee Addunyaa hunda keessatti akka barbaadamu taassiseera.   Kanaanis lakkoofsi maammilli dhabbataasaanii sadarkaa guddaan dabaluusaa mirkaneessaniiru. Ammaan dura bakki gahumsa bunaa xiqqoo kan turan yeroo ammaa bal’inaan rabsamuusaa fi Maamiltoota Idil-Addunyaarra yaanni kennamu gaarii ta’uusaa hojii gaggeessaan Tiraakoon Tireeding kofii Sorsingii Saamii Eeliyaas ibsaniiru.   Keessumaa xiyyeeffannoo mootummaan dhiheessii lafaa fi adeemsa daldala alaaf kenneen Al-ergitoonni haamlee guutuun akka hojjetan isaan gargaareera jedhaniiru. Hundeessa fi hojii gaggeessan “ EMMA Coffee” Maawahaa Sayid buna qulqullinaa fi baay’inaan dhiheessuun guddina diinagdee biyyaaf qooda olaanaa gumachaa jiraachuu himaniiru.   Deeggarsa maallaqaa mootummaan isaaniif taassise hojiisaanii isaniif salphisuu fi bu’aa qabeessa akka ta’anis ibsaniiru. Al-ergitoonni kunnneen omisha qulqullina qabu dhiheessuu itti fufuun galii sharafa alaarraa argmu guddisuuf kutannoo qaban ibsuun, mootummaan deeggarsa hunda galeessa taassisu cimsuun akka itti fufu gaafataniiru.
Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa Haqaa fi qajeeltoo waloon guddachuu bu’uura kan godhatedha
Feb 10, 2026 6
  Guraandhala 3/2018(ENA)-Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa Haqummaa fi qajeeltoo waloon guddachuu bu’uura kan godhate ta’uu Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Idil-Addunyaa pirofeesar Buruuk Hayiluu dubbatan. Ulaan galaanaa carraa Invastimentii kallattiin babal’isuun olitti, daangaan biyya tokkoo akka kabajamuuf faayidaan qabu salphaa kan jedhamu miti. Haata’u malee dhimmoota kana tilmaama keessa galchuu dhabuun miidhaan Itiyoophiyaarratti raawwatameen haalli itti Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabde callisuun waggoota kan lakkoofsisee fi namoota hedduu biratti gaabbii uumeera. Haata’u malee yeroo ammaa callisuun hafee dhimmi Abbummaa Ulaa gaalaanaa Itiyoophiyaa gaaffii dhalootaa fi dhimma jiraachuu biyyaa ta’ee itti fufeera. Dhimma kanarratti Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Idil-Addunyaa pirofeesar Buruuk Hayiluu ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Galaanni diimaan haala teessuma lafaan, uumamaa fi seenaan akka adda hin baanetti kan walitti hidhamanidha jedhaniiru. Itiyoophiyaan Galaana Diimaa malee madaallii hedduun jiraachuuunsee rakkoo ta’uu dhugaa namni hundi hubatu ta’uu kaasuun Abbaa Ulaa Galaana ta’uun dirqama ta’uu ibsaniiru. Abbummaan ulaa galaanaa Itiyoophiyaa haqaa fi qajeeltoo waliin guddachuu kan bu’uura godhate waan ta’eef waliigala biyyoonni Riijinichaa kana hubachuun raawwiisaaf waliin dhaabbachuu qabu jedhaniiru. Haalli Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa itti dhabde hanga ammaatti ifa kan hin taane ta’uu yaadachuun, yeroo ammaa gaaffii dhalootaa ta’ee ka’uunsaa seera Idil- Addunyaan, seenaanis ta’e haala teessuma lafaan sirrii ta’uu kaasaniiru. Haata’u malee gaaffiin Abbummaa Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa Seera Idil- Addunyaan Waliigaltee nagaanii fi tattaaffii Dippiloomaasiin deebiin barbaachisaan kennamuufii qaba jedhaniiru.
Biyyoonni Afriikaa sirna Faayinaansii balaa itti dandamatan diriirfachuu qabu- Bulchaa Baankii biyyoolessaa Doktar Iyoob Takkaallanyi
Feb 10, 2026 16
Guraandhala 3/2018(ENA)- Biyyoonni Afriikaa sirna faayinaansii balaa itti dandamatanii fi saaxilamummaa kan itti hir’isan dhiheessii faayinaansii fulla’aa akka uummatan Bulchaan Baankii biyyoolessaa Itiyoophiyaa Doktar Iyoob Takkaallanyi waamicha dhiheessan. Konfiraansii Idil Addunyaa Biyyoota Dinagdeen guddinarra jiran ilaalchisuun Sa’udii Arabiyaa Magaalaa Aluulaatti gaggeeffameera. Bulchitoonni baankii gidduugaleessaa biyyoota Addunyaa adda addaarraa walitti dhufan mata duree “Sirna Deeggarsa Faayinaansii Addunyaa cimsuun, biyyoonni balaa haala itti dandamatan, gargaaruuf sirna faayinaansii si’ataa fi Amanamaa dhiheessuu” jedhuun waltajji guddaa qophaa’eraati hirmaataniiru.   Walgahii kanarratti Daarektarri olaanaan Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Joorjiyovaa, Daarektarri Bulchiinsa Baankii Addunyaa Aanaa Bird akkasumas Bulchitoonni Baankii gidduugaleessaa biyyoota Itiyoophiyaa, Sa’ud Arabiyaa, Armeeniyaa, Gibtsii, Paakistaanii fi Kuwaatariin dabalatee biyyoota adda addaa hirmaataniiru. Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa doktar Iyoob Takkaalanyi dhaqqabamummaa dhiheessii faayinaansii Biyyoonni Afriikaa karaa Seeftineetii Addunyaan (GFSN) argatan daangaa’aa ta’uu eeruun, Biyyoonni kuufama mataasaanii fi deeggarsa IMF qofarratti akka hirkatan taasisuu hubachiisaniiru. Doktar Iyoob Takkaallanyi deeggarsi Alaa hir’achaa dhufuusaa ibsuun biyyoonni Afriikaa Caaseffama Riijinii Mataasaanii uumuunii fi sirna faayinaansii Addunyaa waliin walqabsiisuun saaxilamummaa waliin hir’isuu fi waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.   Gama biroon Bulchaan Baankichaa gahee sirna deeggarsa IMF halaa qabatamaa Addunyaa gidduugaleefachuun fooya’e ibsaniiru. IMF Cimina Diinagdee Itiyoophiyaan qabduu fi riifoormii caaseffamaa hojjetamaa jiran tilmaama keessa galchuun gaheen faayinaansii akka dabaluuf waamicha dhiheessuusaanii odeeffannoon ministeerri Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.
Dijitaalli Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun, kenniinsa tajaajilaa saffisaa kennuuf  dandeessiseera
Feb 10, 2026 11
Guraandhala 3/2018 (ENA) - Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan dandeessisaa jira jedhan hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii. Teekinooloojii dijitaalaan damichaa deeggaruun tattaaffiin taasifamaa jiru sirna ammayyaa fi kenniinsa tajaajilaa saffisaa ta’e kennuudhaan guddina biyyoolessaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira. Akka hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii jedhanitti, sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan taasisaa jira. Biiroo Misooma Daldalaa fi Industirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Daarektarri Galmeessaa fi eeyyama Daldalaa obbo Saamu’eel Gujoo ENAtti akka himanitti, sirni dijitaalaa tajaajila faayinaansii si’aawaa taasisuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fideera. Keessattuu tajaajilli dijitaalaa kun hawaasni daldalaa gara dhaabbilee faayinaansii osoo hin deemiin, bakka jiran hundatti tajaajila akka argatan taasisaa jira jedhani. Galmeen daldalaa haaraa, haaromsa eeyyama daldalaa fi tajaajiloonni biroo karaa sirna dijitaalaa kennamaa akka jiran himaniiru. Ji’oota 6’n darbanitti eeyyamni daldalaa kuma 107 ol kan haaromfame yoo ta’u, kana keessaa kuma 57 ol karaa ‘e-Trade’ fi tajaajila ‘Woreda Net’n kan kenname ta’uu ibsameera. Daldaltoonni naannichaa Godinoota 12 fi magaalota Riijiwoo poolisii 3 keessa jiran bakka jiranitti tajaajila akka argatan gochuun, hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa kanaan rakkoolee hedduun furmaata argataniiru jedhan obbo Saamu’eel. Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Damee Arbaa Minci obbo Darajjee Maarqos "Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tajaajila dameewwan faayinaansii haaromsuun barbaachisaa dha" jedhan. Hojiin faayinaansii baankichaa dhibbeentaan 87 ol sirna dijitaalaan kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni filannoo kaffaltii adda addaa baankichi qopheesse fayyadamuun mana isaanii ykn bakka hojii isaanii taa’anii tajaajila argachaa akka jiran hogganaan kun ibsaniiru. Gargaarsa baankii moobaayilaatiin maamiltoonni yeroo fi bakkaan osoo hin daangeffamiin daldala gaggeessuu kan danda’an yoo ta’u, karaa baankii interneetii dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa daldala gaggeessuu fi hojjettoota isaaniif tajaajila kennuu danda’u jedhan. Kunis kaffaltii akka raawwatan haala mijataa uumeera jedhaniiru. Maamiltoonni waraqaa eenyummaa biyyoolessaa isaanii sirna baankii waliin walqabsiisuudhaan tajaajila amanamaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru obbo Darajjeen. Tajaajilli dhaabbilee faayinaansii dijiitaala ta’uun baasii fi rakkina nu mudatu irraa nu baraareera kan jedhe immoo dargaggeessa jiraataa magaalaa Arbaa Minci kan ta’e Hardiidoo Doloboo dha.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Iiziin  duula addaa  aggaammiiwwan taassifaman  ittisuun  Iizii haala  jijjiirudha
Feb 9, 2026 171
Guraandhala 2/2018(ENA) - Iiziin duula addaa lootee galtootaa fi shororkeessitoota hordofuun dhabamsiisuunii fi shirasaanii dursee fashaleessuun aggaammiiwwan keessaas ta’e alaa taassiffaman ittisuurratti Iizii haala jijjiiru ta’uu Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa hubachiisan. Ajajaan Iizii duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa hundeeffama waggaa 65ffaa Iizichaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin, ayyaanni hundeeffamaa qophiiwwan adda addaan Guraandala 7 hanga 15 bara 2018 magaalaa Hawaasatti qophiiwwan adda addaan akka kabajamu beeksisaniiru.   Yeroo kabajichaa Iizichi waggoottan kurnan jahan darban injifannoowwan galmeessise ni yaadatamuun ni kabajamu jedhaniiru. Iizichi nageenya biyyaa kabachiisuurratti gootummaa fi cimina qabu qabatee kan itti fufe, dhaloonni ammaas qabsoo kana dhaloota itti aanu akka dhaalchisanii fi ciminoota qaban cimsanii akka ittifufsiisan dandeessisa jedhaniiru.   Komaandoo, humna qilleensaa fi humna addaa farra shororkessitootaa qormaata adda addaa kan darbanii fi cimaa kan dhufan waan ta’aniin olitti, humna diinaa kan cabsanii fi ggootummaan biyya kan boonsan raawwachuu isaaniis eeraniiru. Iiziin duultota addaa lootee galtootaa fi shororkeessitoota hordofee barbadeessuu fi shira isaanii dursanii fashaleessuun haleellaa keessaa fi alaa ittisuu irratti gahee olaanaa bahataniiru jedhani. Kanaaf, waggaa 65ffaan hundeeffama ajaja kanaa Guraandhala 7 fiigicha daandii kiiloo meetira 10 Hawaasaatti gaggeeffamuun akka eegalu akeekaniiru.   Eebba kitaabaa fi asxaa, agarsiisa suuraa fi mariin paanaalii, akkasumas taateewwan biroo Guraandhala13 irraa eegalee akka kabajamu akeekaniiru. Qeerramsoonni didiimoo kunniin kanneen hin jilbeffanne,qilleensaarraan, lafaa fi bishaan irratti agarsiifni dheyeessan ayyaanicha kanneen miidhagsan keessatti ramadamu.   Kabajni ayyaanichaa Guraandhala 15/2018 Istaadiyeemii Hawaasaatti taateewwan addaa fi sirna guddaa waliin kan gaggeeffamu ta’uu odeeffannoon Miidiyaa oonlaayinii Raayyaa Ittisaa ENA’f erge ni mul’isa.
Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera- Jiraattota naannoo Tigiraay
Feb 6, 2026 469
Amajjii 29/2018(ENA) - Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uu isaa gocha qabatamaan agarsiiseera jedhan jiraattonni magaalota naannoo Tigraay adda addaa ENA’n dubbise. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii idilee 10ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti akka ibsanitti, waldhabdeen mootummaa Eertiraa waliin uumame yeroo Waraana Kaabaa Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa Shiree to’achuun, waraanni Eertiraas kana hordofee manneen namoota dhuunfaa fi gamoo diiguu eegaluun akka ta’e ibsuun isaanii ni yaadatama. Magaalota Adwaa fi Addigiraatitti waarshaalee saamuunii fi bubuqqisee konkolaataan fe’achuun, akkasumas Aksumitti immoo dargaggoota irratti yakka ajjeechaa inni raawwate mootummaa Itiyoophiyaa waliin lola cimaa keessaa isa galchuu danda’eera jedhan. Kana waliin walqabatee magaalota Shiree, Aksumii fi Maqalee keessa naanna’uun galaalchaan ENA jiraattota gaafateen, mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan. Jiraattuun magaalaa Shiree Indasillaasee aadde Raahiwaa Alamaayyoo, yeroo waraana kaabaa sanatti loltoonni Shaabiyaa magaalaa Shiraaroo irraa hanga naannoo Maqaleetti lammiilee nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha dabalatee yakkoota sukaneessaa raawwachuu isaanii himaniiru. Keessumaa magaalota keessaa warshaalee fi qabeenya ummataa adda addaa bubuqqisee fe’uun qabeenya ummataa ifatti saameera jedhan. Mootummaan Shaabiyaa nageenya kan hin barbaanne diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan. Yeroo waraana Kaabaa sanatti loltoonni Eertiraa magaalota naannooTigiraay keessatti ummataa fi qabeenya irra yakka sukaneessaa hojjechuu isaanii kan himan jiraataa magaalaa Aksum kan ta’an barsiisaa Abrahaam Tamasgeenidha. Kana waliin walqabatee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsa kennan qabatamaan mul’atee kan darbedha jedhan. Naannoo Maqalee aanaa Indaartaa ganda Masaboo keessa kan jiraatan qonnaan bulaa Malaakuu Barihaa, yeroo waraana Kaabaa loltoonni Eertiraa meeshaalee manaa, oomishaa fi beeyladoota dabalatee saamanii fudhataniiru jedhan. Sababa kanaan qonnan bultoonni hedduu rakkoo hamaa keessa bu’uu himuun, namoonni yeroo isaan yakka akkanaa raawwatan warreen dhowwachuu yaalan irratti ajjeechaa fi yakka sukaneessaa raawwachaa turuu isaanii himan. Kanaaf mootummaan Eertiraa yoomillee taanaan, mootummaa Itiyoophiyaa fi ummatsheef waan gaarii kan hin yaannee fi kaayyoo diigumsaa qabatee kan hojjetu ta’uu isaa yaada kennitoonni kunniin ibsaniiru.
Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu – Bulchaa Nannichaa Ordiin Badrii
Feb 6, 2026 218
Amajjii 29/2018(ENA)-Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu jechuun Bulchaan Nannichaa Ordiin Badriin dubbatan. Naannoo Harariitti gamaggamni karoora raawwii hojii Mootummaa fi paartii walakkaa waggaa bara 2018 gaggeeffamuu eegaleera.   Waltajjii gamaggamichaarratti Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii akka ibsanitti, walakkaa waggaa bara baajatichaatti naannichatti hojiin abdachiisaan raawwatamuun danda’ameera. Xiyyeeffannoon Waltajjichaa gamaggama raawwii hojii moootummaa fi paartii baatiiwan ja’aa karoora bu’uureffate gamaggamuun hojiiwwan fuulduraatiif of qopheessuuf ta’uus eeraniiru. Waltajjiin gamaggamichaas ciminoota walakkaa waggaa bara baajatichaa jiran babal’isuun, hanqinoota mul’atan guutuun bu’aawwan argaman itti fufsiisuuf galteen kan itti walitti qabamu, akkasumas filannoo biyyoolessaa 7ffaatiif qophiin kan taassifamuu fi haalli mijataan kan itti uumamu ta’uu eeraniiru.   Keessumaa hojiiwwan gurmaa’insaa fi siyaasaa sirnaan ilaaluun hubannaa waloo qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojiin mootummaa inni guddaan guddina Dinagdee Ariifataa mirkaneessuu fi fayyadamumma misooma uummatichaa fooyyessuuf hojiiwwan hojjetaman sakatta’amuu qabna jedhaniiru. Kanaanis omishaa fi omishtummaa dagaagsuuf, carraa hojii babal’isuu fi qaala’insa jireenyaa hir’isuuf, Invastimantii jajjabeessuu fi gama biroon hojiiwwan hojjetaman ni gamaggamamu jedhaniiru. Hirmaanaa fi qulqullina Barnootaa, tajaajila fayyaa fi dameelee Hawaasummaa biroon akkasumas ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, Galii Mana qopheessa fi diinagdee maddisiisuu duguuganii walitti qabuurratti hojii hojjetame gadi fageenyaan ni ilaalamu jedhaniiru. Rakkoo bulchiinsa gaarii dhabamsiisuu fi hoj-maata badaa hanbisuuf ilaalchisee hojiiwwan hojjetaman waltajjichaan akka gamaggamamu kaasaniiru. Naannichatti nageenya cimsuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Waltajjii gamaggamichaarratti Afayaa’iin Mana maree naannichaa Sulxaan Abdusalam, hogganaan paartii Badhaadhinaa damee Hararii Obbo Geetuu wayyeessaa dabalatee hoggantoonni olaanoonii fi gidduugaleessaa mootummaa fi Paartii Naannichaa hirmaachaa jiru.
Filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeeffamu irratti hirmaannaa cimaa taasisuuf qophii irra jirra- Paartiilee Siyaasaa
Feb 6, 2026 246
Amajjii 29/2018 (ENA) - Paartileen siyaasaa adda addaa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii taasisaa akka jiran beeksisaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad dhiheenya kana Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ibsa kennaniin, mootummaan filannoon bara kanaa muuxannoo kanaan duraa caalaa nagaa, haqa qabeessaa fi kan hunda hammate akka ta’uuf kutannoodhaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ministirri Muummee haasaa isaanii keessatti filattota akka manaatti ykn akka utubaatti, paartileen hirmaatan ammoo akka maagaraatti fakkeessuun eeruun, akkasumas haala filannoo babal’isuuf xiyyeeffannaan addaa akka kenname mirkaneessaniiru. Hoggantoonni paartilee siyaasaa adda addaa kan ENA’n dubbise, milkaa’ina filannoo kanaaf hojii qophii barbaachisu hojjachaa akka jiran eeraniiru.   Pireezidaantii Mana Maree Biyyoolessaa Agawu fi Hogganaan Dhimmoota Siyaasaa Tumsa Nageenya Itiyoophiyaa obbo Alamarawu Yirdaawu filannoon waltajjii guddaa sagaleen olaanaan ummataa itti dhaga’amuu fi egeree biyyattii itti murtaa’u ta’uu hubachiisaniiru. Gamtaan isaanii yeroo ammaa naannolee hedduu keessatti kaadhimamaa filachuu fi galmeessaa jiraachuu eeruun, caasaa jaarmiyaa cimsuu fi manifestoo filannoo qopheessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Filannoon kun nagaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf paartiin isaanii gahee isaa akka ba’us mirkaneessaniiru.   Haaluma walfakkaatuun dura taa’aa itti aanaa Paartii Dimookiraatawaa Gaamoo fi Hojii Gaggeessaa Olaanaa Tumsa Nageenya Itiyoophiyaa obbo Daaroot Gum’aa filannoo bara kanaatiif qophii eegaluu isaanii mirkaneessaniiru. Filannoon kun dimokiraatawaa fi amansiisaa akka ta’uuf Boordii Filannoo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiran kan ibsan obbo Daaroot, paartiin isaanii tooftaalee filannoo kana irratti dorgoman bocuun hojii eegaluu isaa akeekaniiru. Qophii fi adeemsa filannoo irratti hubannoo waloo uumuuf, keessumaa waltajjii marii walduraa duubaan miseensotaa fi deeggartoota waliin qopheessuun hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Qabsoon abbootiin keenya birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaadha – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 5, 2026 297
Amajjii 28/2018 (ENA) - Qabsoon abbootiin keenya birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaadha jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa irratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf deebii fi ibsa kennaniin,qabsoon abbootiin keenya birmadummaa fi guddummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf taasisan dhaloota ammaaf barnoota dha jedhani. Ministirri Muumee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii ji'oota 6 mootummaa federaalaa bara baajata 2018 irratti miseensonni mana marichaa gaafataniif deebii kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti, biyya akka manaatti fakkeessanii kan kaasan yoo ta’u, qaamoleen halluu manaa jijjiiruurra utubaa manaa diiguuf hojjetan akka jiran hubachiisaniiru. Namuusni siyaasaa, sirna morma malee, kan birmadummaa biyyaarratti xiyyeeffate waliin qabsaa’uun akka barbaachisu ibsaniiru. Bakka utubaan manaa hin jirretti qalama dhaaba manaaf (keenyaa) isaaf wal mormuun bu’aa hin qabu kan jedhan Ministirri Muummee, paartileen siyaasaa akka jijjiiraman gaafachuun sirrii ta’us, dhimma birmadummaa Itiyoophiyaa dabarsanii kenneen sirrii miti jedhan. Diinonni Itiyoophiyaa baroota darban mudate fedhii utubaa biyyaa ishee diiguu akka ta’e eeruun, qaamolee utubaa Itiyoophiyaa balleessan waliin hojjechuun balaa guddaa akka ta’e hunduu akka hubatu dhaamaniiru. Seenaan keenya kanaaf barsiisaa gaarii dha; qabsoon abbootiin keenya guddummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaa akka ta'e agarsiiftuu dha jedhan. Fakkeenyaaf, gaafa birmadummaan biyyaa sarbame lolli koo biyya koo waliin miti; jechuun gootonni birmadummaa biyyaaf wareegaman akka jiran yaadachiisaniiru. Bu’uuruma kanaan dhaloonni ammaa daandii gootonni kanaan duraa saaqan hordofuun filannoo ijoo biyyaaf dursa kennuu akka qaban dhaamaniiru. Dhaloonni ammaa utubaa waloo Itiyoophiyaa irratti jabaatee kabajaa fi ulfina biyyaatti amanamuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.

Hawaasummaa
Mariin biyyaalessaa sadarkaa murteessaa irra gahe akka milkaa’u gahee bahachuaa jirru cimsinee itti fufna - Mana Maree dhaabbilee Hawaasa Siivikii
Feb 9, 2026 78
Guraandhala 2/2018 (ENA) - Mariin biyyoolessaa sadarkaa murteessaa irra gahe akka milkaa’u gahee bahacha jirru cimsinee itti fufna jedhe Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivikii. Manni Marichaa adeemsi marii kanaa akka milkaa’uuf Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru ibseera. Komishiniin marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa labsii lakk. 1265/2014 kan hundaa’e yoo ta’u, dhimmoota ijoo ta’anii akka gaaffiitti ka’anii waldhabdeef sababa ta’an irratti mari’achuun seenessa waloo uumuudha. Komishiniin Marii biyyaalessaa hanga ammaatti hojii ajandaa hirmaachisaa ta’e walitti qabuu fi namoota konfiraansii guddicha irratti hirmaatan adda baasuun naannolee kudha tokkoo fi bulchiinsa magaalaa lama keessatti milkaa’inaan raawwateera. Pirezidaantiin Mana Maree dhaabbilee Hawaasa Siivikii Ahimad Huseen ENA waliin turtii taasisaniin, Manni Marichaa marii biyyaalessaa keessatti dhaabbileen hawaasa siivikii sochoosuun gahee olaanaa akka qabaataniif hojjechaa turuu ibsaniiru. Dhaabbatichi hojii hubannoo uumuu, ajandaa walitti qabuu, hirmaattoota adda baasuu fi kanneen biroo irratti Komishinicha waliin qindoominaan hojjechaa akka jira ibsaniiru. Manni Marichaa Komishinicha waliin waliigaltee mallatteessuu eeruun, kana irratti hundaa’uun hojiiwwan hedduun waliin ta’uun hojjetamaa akka jiran hubachiisaniiru. Marichi hammataa ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuu eeruun, hirmaannaan dubartoota, dargaggoota, qaama miidhamtoota, maanguddootaa fi hayyootaa, akkasumas nama hundaa mirkanaa’uu isaa hubachiisaniiru. Mariin kun sadarkaa murteessaa irra akka ga’e ibsuun, Manni Marichaas milkaa’ina isaa mirkaneessuuf gumaacha isaa akka cimsu dhaamaniiru. Mariin biyyaalessaa garaagarummaa gara aadaa siyaasaa marii fi olaantummaa yaadaatti geessutti jijjiiruuf carraa guddaa ta’uus ibsaniiru. Adeemsi kun lammiileen dhimma biyyaalessaa irratti bilisaan akka mari’atan gochuun, ijaarsa mootummaa biyyaaf bu’uura ta’uu ibsaniiru.
Diinagdee
Deeggarsi hunda galeessa mootummaa bunni Itiyoophiyaa dorgommii Idil- Addunyaarratti qabu  guddisa jira  
Feb 10, 2026 12
Guraandhala3/2018(ENA)- Deeggarsa hunda galeessa mootummaan damee bunaarratti taasisuun bunni Itiyoophiyaa gabaa Idil- Addunyaarratti dorgomummaa fi filatamuummaasaa sadarkaa olaanaan guddisuusaa Al-ergitoonni damichaa ibsan. Yeroo ammaa barbaadamummaa Bunni Itiyoophiyaa Sadarkaa Idil -Addunyaatti qabu dabalaa dhufuusaan olitti bakeewwan gahumsa gabaa haaraan dabalaa jiru. Kana hordifuun biyyattiin sharafa alaa argattu yerootii gara yerootti guddina argisiisaa kan jiru yoo ta’u, Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 gabaa Idil -Addunyaaf erguun, galii doolaara biiliyoona 2 tuqaa 65n argachuu dandeesseetti. Kunis Seenaa Bunaa biyyattiitti galii guddaa fi sadarkaa qulqullinaa ta’ee kan galmaa’e yoo ta’u , mootummaan bu’aa kana ittifufsiisuun bara baajataa qabame galii argamu gara doolaara biiliyoona 3tti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.   Al-ergitoonni Bunaa ENA’f yaada kennan akka jedhanitti guddinnii fi milkaa’inni damee bunaan dhufaa jiruuf deeggarsi mootummaa guddaadha jedhaniiru. Daaretarri Al-Ergii Buna Ispeeshaalayizii Taaddasaa Dastaa Obbo Gabira Masqal Haayiluu akka jedhanitti, Xiyyeeffannoo addaa mootummaan dame kanaaf kenneen bunni Itiyoophiyaa biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa fi Chaayinaa bira darbee kutaalee Addunyaa hunda keessatti akka barbaadamu taassiseera.   Kanaanis lakkoofsi maammilli dhabbataasaanii sadarkaa guddaan dabaluusaa mirkaneessaniiru. Ammaan dura bakki gahumsa bunaa xiqqoo kan turan yeroo ammaa bal’inaan rabsamuusaa fi Maamiltoota Idil-Addunyaarra yaanni kennamu gaarii ta’uusaa hojii gaggeessaan Tiraakoon Tireeding kofii Sorsingii Saamii Eeliyaas ibsaniiru.   Keessumaa xiyyeeffannoo mootummaan dhiheessii lafaa fi adeemsa daldala alaaf kenneen Al-ergitoonni haamlee guutuun akka hojjetan isaan gargaareera jedhaniiru. Hundeessa fi hojii gaggeessan “ EMMA Coffee” Maawahaa Sayid buna qulqullinaa fi baay’inaan dhiheessuun guddina diinagdee biyyaaf qooda olaanaa gumachaa jiraachuu himaniiru.   Deeggarsa maallaqaa mootummaan isaaniif taassise hojiisaanii isaniif salphisuu fi bu’aa qabeessa akka ta’anis ibsaniiru. Al-ergitoonni kunnneen omisha qulqullina qabu dhiheessuu itti fufuun galii sharafa alaarraa argmu guddisuuf kutannoo qaban ibsuun, mootummaan deeggarsa hunda galeessa taassisu cimsuun akka itti fufu gaafataniiru.
Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa Haqaa fi qajeeltoo waloon guddachuu bu’uura kan godhatedha
Feb 10, 2026 6
  Guraandhala 3/2018(ENA)-Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa Haqummaa fi qajeeltoo waloon guddachuu bu’uura kan godhate ta’uu Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Idil-Addunyaa pirofeesar Buruuk Hayiluu dubbatan. Ulaan galaanaa carraa Invastimentii kallattiin babal’isuun olitti, daangaan biyya tokkoo akka kabajamuuf faayidaan qabu salphaa kan jedhamu miti. Haata’u malee dhimmoota kana tilmaama keessa galchuu dhabuun miidhaan Itiyoophiyaarratti raawwatameen haalli itti Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabde callisuun waggoota kan lakkoofsisee fi namoota hedduu biratti gaabbii uumeera. Haata’u malee yeroo ammaa callisuun hafee dhimmi Abbummaa Ulaa gaalaanaa Itiyoophiyaa gaaffii dhalootaa fi dhimma jiraachuu biyyaa ta’ee itti fufeera. Dhimma kanarratti Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Idil-Addunyaa pirofeesar Buruuk Hayiluu ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Galaanni diimaan haala teessuma lafaan, uumamaa fi seenaan akka adda hin baanetti kan walitti hidhamanidha jedhaniiru. Itiyoophiyaan Galaana Diimaa malee madaallii hedduun jiraachuuunsee rakkoo ta’uu dhugaa namni hundi hubatu ta’uu kaasuun Abbaa Ulaa Galaana ta’uun dirqama ta’uu ibsaniiru. Abbummaan ulaa galaanaa Itiyoophiyaa haqaa fi qajeeltoo waliin guddachuu kan bu’uura godhate waan ta’eef waliigala biyyoonni Riijinichaa kana hubachuun raawwiisaaf waliin dhaabbachuu qabu jedhaniiru. Haalli Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa itti dhabde hanga ammaatti ifa kan hin taane ta’uu yaadachuun, yeroo ammaa gaaffii dhalootaa ta’ee ka’uunsaa seera Idil- Addunyaan, seenaanis ta’e haala teessuma lafaan sirrii ta’uu kaasaniiru. Haata’u malee gaaffiin Abbummaa Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa Seera Idil- Addunyaan Waliigaltee nagaanii fi tattaaffii Dippiloomaasiin deebiin barbaachisaan kennamuufii qaba jedhaniiru.
Biyyoonni Afriikaa sirna Faayinaansii balaa itti dandamatan diriirfachuu qabu- Bulchaa Baankii biyyoolessaa Doktar Iyoob Takkaallanyi
Feb 10, 2026 16
Guraandhala 3/2018(ENA)- Biyyoonni Afriikaa sirna faayinaansii balaa itti dandamatanii fi saaxilamummaa kan itti hir’isan dhiheessii faayinaansii fulla’aa akka uummatan Bulchaan Baankii biyyoolessaa Itiyoophiyaa Doktar Iyoob Takkaallanyi waamicha dhiheessan. Konfiraansii Idil Addunyaa Biyyoota Dinagdeen guddinarra jiran ilaalchisuun Sa’udii Arabiyaa Magaalaa Aluulaatti gaggeeffameera. Bulchitoonni baankii gidduugaleessaa biyyoota Addunyaa adda addaarraa walitti dhufan mata duree “Sirna Deeggarsa Faayinaansii Addunyaa cimsuun, biyyoonni balaa haala itti dandamatan, gargaaruuf sirna faayinaansii si’ataa fi Amanamaa dhiheessuu” jedhuun waltajji guddaa qophaa’eraati hirmaataniiru.   Walgahii kanarratti Daarektarri olaanaan Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Joorjiyovaa, Daarektarri Bulchiinsa Baankii Addunyaa Aanaa Bird akkasumas Bulchitoonni Baankii gidduugaleessaa biyyoota Itiyoophiyaa, Sa’ud Arabiyaa, Armeeniyaa, Gibtsii, Paakistaanii fi Kuwaatariin dabalatee biyyoota adda addaa hirmaataniiru. Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa doktar Iyoob Takkaalanyi dhaqqabamummaa dhiheessii faayinaansii Biyyoonni Afriikaa karaa Seeftineetii Addunyaan (GFSN) argatan daangaa’aa ta’uu eeruun, Biyyoonni kuufama mataasaanii fi deeggarsa IMF qofarratti akka hirkatan taasisuu hubachiisaniiru. Doktar Iyoob Takkaallanyi deeggarsi Alaa hir’achaa dhufuusaa ibsuun biyyoonni Afriikaa Caaseffama Riijinii Mataasaanii uumuunii fi sirna faayinaansii Addunyaa waliin walqabsiisuun saaxilamummaa waliin hir’isuu fi waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.   Gama biroon Bulchaan Baankichaa gahee sirna deeggarsa IMF halaa qabatamaa Addunyaa gidduugaleefachuun fooya’e ibsaniiru. IMF Cimina Diinagdee Itiyoophiyaan qabduu fi riifoormii caaseffamaa hojjetamaa jiran tilmaama keessa galchuun gaheen faayinaansii akka dabaluuf waamicha dhiheessuusaanii odeeffannoon ministeerri Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.
Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa bara baajataa ji’oota jahan jalqabaa keessatti galii Doolaara biiliyoona 4.4 argateera
Feb 10, 2026 19
Guraandhala 3/2018 (ENA)- Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2018 ji’oota jahan jalqabaa keessatti galii doolaara biiliyoona 4.4 argachuu beeksiseera. Hojii gaggeessaan Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo raawwii hojii ji’oota jahan jalqabaa bara baajataa 2018 ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balalii isaa babal’isuun bakkeewwan idil-addunyaa sadii Poorchugaal Poortootti, Veetinaam Haanooyittii fi Gamtaa Imireetota Arabaa Abudaabii magaalota sadiitti banuu isaa beeksiseera.   Haaluma kanaan, bakkeewwan idil-addunyaa haaraa Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bane, balaliisaa gara 145 ol akka guddatan taaisuus beeksisaniiru. Balaliiwwan biyya keessaani immoo Buufanni Xiyyaaraa Yaaballoo xumuramuu fi tajaajilaaf qophii ta’uun isaa lakkoofsi bakkeewwan balalii biyya keessaa gara 23tti ol guddachuu danda’eera jedhan. Walakkaa bara baajataa kanatti xiyyaarota dabalataa torba biyya alaatii galchuun xiyyaaronni daandiin xiyyaaraa Itiyoophiaa qabu gara 147tti ol akka guddatu ta’eera jedhani. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ji’oota jaha keessatti imaltoota miiliyoona 10.64 geejibuun dandeettii galii isaa fooyyessuun milkaa’uusaa ibsaniiru. Bara baajataa 2018 ji’oota jahan darban keessatti galii doolaara biiliyoona 4.4 argachuun isaa lakkoofsa karoorfame irraa dhibbeentaa lama dabaluu beeksisaniiru. Raawwiin hojii ji'oota ja'a jalqabaa bara baajataa yeroo walfakkaataa bara darbee irraa dhibbeentaa 14’n caaluu eeraniiru. Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu kan ji'a tokko dura dhagaan bu'uuraa itti kaa'ame ifatti eegalamuu isaas ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Dijitaalli Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun, kenniinsa tajaajilaa saffisaa kennuuf  dandeessiseera
Feb 10, 2026 11
Guraandhala 3/2018 (ENA) - Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan dandeessisaa jira jedhan hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii. Teekinooloojii dijitaalaan damichaa deeggaruun tattaaffiin taasifamaa jiru sirna ammayyaa fi kenniinsa tajaajilaa saffisaa ta’e kennuudhaan guddina biyyoolessaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira. Akka hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii jedhanitti, sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan taasisaa jira. Biiroo Misooma Daldalaa fi Industirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Daarektarri Galmeessaa fi eeyyama Daldalaa obbo Saamu’eel Gujoo ENAtti akka himanitti, sirni dijitaalaa tajaajila faayinaansii si’aawaa taasisuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fideera. Keessattuu tajaajilli dijitaalaa kun hawaasni daldalaa gara dhaabbilee faayinaansii osoo hin deemiin, bakka jiran hundatti tajaajila akka argatan taasisaa jira jedhani. Galmeen daldalaa haaraa, haaromsa eeyyama daldalaa fi tajaajiloonni biroo karaa sirna dijitaalaa kennamaa akka jiran himaniiru. Ji’oota 6’n darbanitti eeyyamni daldalaa kuma 107 ol kan haaromfame yoo ta’u, kana keessaa kuma 57 ol karaa ‘e-Trade’ fi tajaajila ‘Woreda Net’n kan kenname ta’uu ibsameera. Daldaltoonni naannichaa Godinoota 12 fi magaalota Riijiwoo poolisii 3 keessa jiran bakka jiranitti tajaajila akka argatan gochuun, hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa kanaan rakkoolee hedduun furmaata argataniiru jedhan obbo Saamu’eel. Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Damee Arbaa Minci obbo Darajjee Maarqos "Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tajaajila dameewwan faayinaansii haaromsuun barbaachisaa dha" jedhan. Hojiin faayinaansii baankichaa dhibbeentaan 87 ol sirna dijitaalaan kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni filannoo kaffaltii adda addaa baankichi qopheesse fayyadamuun mana isaanii ykn bakka hojii isaanii taa’anii tajaajila argachaa akka jiran hogganaan kun ibsaniiru. Gargaarsa baankii moobaayilaatiin maamiltoonni yeroo fi bakkaan osoo hin daangeffamiin daldala gaggeessuu kan danda’an yoo ta’u, karaa baankii interneetii dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa daldala gaggeessuu fi hojjettoota isaaniif tajaajila kennuu danda’u jedhan. Kunis kaffaltii akka raawwatan haala mijataa uumeera jedhaniiru. Maamiltoonni waraqaa eenyummaa biyyoolessaa isaanii sirna baankii waliin walqabsiisuudhaan tajaajila amanamaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru obbo Darajjeen. Tajaajilli dhaabbilee faayinaansii dijiitaala ta’uun baasii fi rakkina nu mudatu irraa nu baraareera kan jedhe immoo dargaggeessa jiraataa magaalaa Arbaa Minci kan ta’e Hardiidoo Doloboo dha.
Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’eera
Feb 4, 2026 159
Amajjii 27/2018(ENA)- Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa walgahii idilee 10ffaarratti argamanii gabaasa raawwii batii 6 irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Dameen dijiitalaa keeessumaa fayyadamtoonni tajaajila Mobaayilaa guddachaa dhufuusaa kaasaniiru. Yeroo jijiiramni dhufu lakkoofsi fayyadamtota mobaayilaa miiliyoona 37 akka ture kaasuun, yeroo ammaa Itiyoo- Telekoomiin, miiliyoona 87, saafaarii koomiin miiliyoona 10 ol walii gala fayyadamtoonni mobaayilaa miiliyoona 97 jiraachuusaanii eeraniiru. Kunis jijiiramaa asitti miiliyoona 60n dabaluusaa agarsiisa kan jedhan ministirri muummee, ta’us kun ga’aa akka hin taanee fi tokkoon tokkoo Itiyophiyaanotaa fayyadamtota mobaayilaa akka ta’an hojjetamuu akka qabu ibsaniiru. Dhaqqabamummaan Tajaajila neetworkii 4G fi 5G babal’achaa jiraachuu kaasuun, magaalonni kuma 1 fi 70 fayyadamtoota 4G akkasumas magaalonni 28 fayyadamtoota 5G ta’uusaanii dubbataniiru. Kunis lammiileen tajaajilaa fi daldala si’ataa akka argatan dandeessisaa jira jedhaniiru. Damee faayinaansiin waggoottan sadanii asitti lakkoofsi daddabarsa maallaqaa mobaayilaa miiliyona 58 ga’uu eeraniiru. Sirni gurgurtaa dijiitaalaas maallaqa callaan gochuurra saffisaaan gaggeeffamuu eeranii, kunis bu’aa Imaammata imala tarkaanfii Itiyoophiyaa ta’uusaa kaasaniiru. Tajaajila kaffaltii dijiitalaanis baatiiwwan ja’an darban bu’aawwan galmaa’an kan waggaa darbee yeroo Kanaan yoo madaalamu dhibbantaa 60 dabaluu eeraniiru. Qusannaa maallaqaa dijiitaalaa fi tajaajilli qusannoo guddachuusaa hubachiisaniiru.
Saawwan Booranaa sanyii fooyya’aa waliin diqaalomsuun bu’aan omisha Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argameera
Feb 4, 2026 120
Amajjii 27/2018(ENA)-Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatti saawwan Booranaa sanyii fooya’aa waliin diqaalomsuun bu’aa Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argamuu ibse. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Tashoomaa Boggaalaa ENA’f akka ibsanitti, horiin Booranaa Foonsaanii fooyya’aa ta’us omishni aannanii irraa argamu xiqqaadha. Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluuttti saawwan Booranaa Korma sanyii biyya Alaa waliin diqaalomsuun gorommiin omisha Aannanii fooyya’aa kennan dhalachuusaanii ibsaniiru. Hojii qorannoo gaggeeffameen horii Booranaa diqaalomsuun hin barbaachisu sanyiinsaanii foyya’oodha yaadamni jedhu jijiiramuu danda’eera jedhaniiru.   Fakkeenyaaf saawwan Booranaa waliin diqaalomsuun jabbiileen dhalatan guddinnisaanii saffisaa fi omisha aannanii fooyya’aa kan kennan ta’uusaanii eeraniiru. Jabbiileen sun bakkeewwan biyyattii kamittuu kan madaqan yoo ta’u waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti deebi’anii dhaluu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Saawwan Booranaa omisha Aannanii guyyaatti kennan liitira lama kan hin caalle ta’uu eeruun gorommiiwwan diqaalomsuun dhalatan guyyaatti Aannan hanga liitira 10n akka elmaman beeksisaniiru.   Gorommiiwwan Booranaa dhalataa jalqabaa sanyiinsaanii fooyya’e 120 baatii 6 keessatti akka gahan taassifamuu hubachiisaniiru. Qorannoo marsaa lammataan sanyiiwwan fooya’an immoo guyyaatti Aannan liitira 15 hanga 20 akka elmaman ibsaniiru. Kanaanis Omishaa fi omishtummaa Aannanii dabaluurra darbee fayyadamummaa Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa guddisuun danda’ameeera jedhaniiru    
Ispoortii
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata 
Feb 10, 2026 48
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa 
Feb 8, 2026 115
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera.   Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.   Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira.   Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 76
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira.   Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan.   Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 64
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira.   Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Feb 2, 2026 175
Amajji 25/2018(ENA) – Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Bulchiinsa Magaalaa Maayaa jalatti kan argamu bakkeewwan hawata turizimii ta’an keessaa tokko Haroo Haramaayaati. Harri Haramaayaa waggoota hedduuf gogee kan ture yoo ta’u,hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa fi Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin bishaan kuufachuun akka duriisaatti deebi’eera. Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni naannichaa hara sana kunuunsuunii fi misoomsuun lakkoofsi dawwattootaa dabalaa dhufuu isaa hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru. Yeroo ammaa Harichi bakka bashannanaa ta’uu irra darbee,dargaggootaaf carraa hojii uumaa kan jiru yoo ta’u, diinagdee damee kana irraa argamu guddisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Naannichi qabeenya uumamaa hedduu kan qabu ta’uu fi lafa madda aartistootaa ta’uu himaniiru.   Kantiibaan Magaalaa Maayaa doktar Ifraahi Waziir gama isaaniin, kunuunsa bishaanii fi biyyee akkasumas Ashaaraa Magariisaan kan deebi’e Harri kuni, kunuunsi qabeenya uumamaa cimee hojjetamaa jira jedhan. Kana malees madda galii ta’aa jira jedhan.   Harri Haramaayaa kunuunsa isaaf taasifameen miidhagee carraa hojii dargaggootaas ta’ee jiraachuu isaa argeera kan jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti ogeessa turizimii Oliiyaad Bariisoo dha. Naannichatti abbootii qabeenyaa affeeruun loojiiwwanii fi riizoortiiwwan babal’isuun hojiilee fooyya’aa hojjechuun akka danda’amus ibsan obbo Oliyaad.   Haroo Haramaayaa irratti tajaajila bidiruu kan kennu dargaggeessi Muktii Ahimad daawwattoota bidiruutiin daawwachiisuun dabalatatti hojii misooma qurxummii irratti hirmaachaa jiraachuus himeera.
Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiru
Feb 2, 2026 144
Amajjii 25/2018 (ENA)- Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu abbaan taayitaa eegumsa naannoo beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa lafa bishaan qabnii kan baranaa mata duree “lafa bishaan qabuu fi beekumsa mandhalee, hambaa aadaa keenyaa haa kabajnu” jedhuun kabajaa jira. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Fireenash Makuraa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan lafa bishaan qabuu fi lubbu qabeeyyii gragaraan kan badhaatedha. Qabeenyi uumamaa kunneen kunuunfamanii dhalootatti akka darban beekumsa mandhalee fi toftaawwan kunuunsa karaa aadaa qooda olaanaa bahachaa akka turan turuusaanii ibsaniiru. Hawaasni seerota aadaa fi duudhaalee dur qabuun lafa bishaan qabuu fi bishaan kunuunsaa turuusaa eeraniiru. Lafti bishaaan qabatu faayidaa olaanaa taasisaa akka jiran eeranii, bishaan faalame karaa uumamaan calaluu, balaa lolaa ittisuu fi jiidha lafaa eeguu akkasumas jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi hoo’a naannawaa hir’isuu wabeeffataniiru. Miidhaa qabeenya uumamaa kanneen irra qaqqabu furuuf beekumsi saayinsaawaa ammayyaa beekumsa mandhalee waliin qindeessuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirojektoonni ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lagaa yeroo ammaa hojjetamaa jiran nageenya lafa bishaan qabataniif gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Abbaan taayitichaa naannolee fi qaamolee qooda fudhattootaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru eeranii, kunuunsi taasifamu mootummaa qofaan osoo hin taane itti gaafatama hawaasaa, dhaabbilee qorannoo fi dame dhuunfaa ta’uu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16742
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2004
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015