Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Milkaa’inni Misooma tekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisudha
Feb 18, 2026 9
Guraandhala11/2018(ENA)- Milkaa’inni Misooma teekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisu ta’uu sagantaan misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibse. Sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti gargaaraa bulchituunii fi daarektarri Ardii Afriikaa Ahunaa Iziiyakoonwaa-Onoochii ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan gama teeknooloojii fi misooma diinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jirti. Dijiitaalayizeeshiniin Itiyoophiyaa misoomni Diinagdees Afriikaa fayyadamummaa teekinooloojiirraa gara omishtummaatti ceesisuun bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi dijiitaalaayizeeshinii si’ataan Itiyoophiyaatti galmaa’aa jiru Biyyoonni Afriikaa hirkattummaa teekinooloojii jalaa bahuu akka danda’an barumsa kan kenne tarkaanfii murteessaa ta’uusaa dubbataniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa kutannoo misooma dijiitaalaaf qabu Ardittiin hubannoo nam-tolcheenii fi damee Saayinsiin humna namaa gahoome horachuuf kaka’umsa kan uumu ta’uu kaasaniiru. Qorannoo fi qo’annoo misooma teekinooloojii Mandhaaleef xiyyeeffannoon kenname birmadummaa Dijiitaalaa mirkaneessuun guddina Diinagdee saffisiisuuf qooda murteessaa qabaachuu hubachiisaniiru. Keessumaa fedhii lammiilee tajaajila mootummaa fi bulchiinsa gaariirratti qaban deebii ariifachiisaa argamsiisuun malaammaltummaa fi hoj-maata badaa ittisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu hubachiisaniiru. Sagantaan misooma Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ce’emsa dinqisiisaa dijiitaalaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibseera. Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa mootummaa kennuun omishtummaa guddisuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Tajaajilli Dijiitaalaa hoj-maata badaa dhabamsiisuun, sirni bulchiinsaa tajaajila mootummaa Amanamaa ta’e diriirsuudhaan, guddina dinagdeetiif gahee murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Fooya’insi Diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa deeggartoota misooma mootummaan kan dinqisiifatamee fi guddina biyyattii saffisiisuun qooda olaanaa gumaachuusaa ibsaniiru.  
Sagantaa Maaddii Guutuudhaan hojii oomisha qurxummii fi damma guddisuuf hojjetameen bu’aan galmaa’eera
Feb 18, 2026 14
Guraandhala 11/2018 (ENA): Sagantaa Maaddii Guutuudhaan oomisha qurxummii fi damma guddisuuf hojii hojjetameen bu’aa galmeessisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Maaddii Guutuu kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame, oomisha bu’aawwan beeyladaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha. Sagantaan kun qonna magaalaa akka utubaa diinagdeetti fayyadamuun magaalota keessatti qaala’insa jireenyaa itti fufiinsaan hir’isuuf hojjetamaa jira. Akka Ministeera Qonnaatti Daarektarri Olaanaa Misooma Beeyladaa fi Qurxummii Tsiggereedaa Fiqaaduu jedhanitti, Oomisha bu’aalee beeyladaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan galmaa’eera. Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabdu waliin wal qabatee oomishtummaa bal’isuu fi itti fayyadama qabeenya uumamaa ishee guddisuu akka qabdu eeruun, Biyyattii keessatti bishaan hedduun jiraatanis, oomisha qurxummiidhaan sadarkaa gahaan itti fayyadamaa akka hin jirre hubachiisaniiru. Naannoo qurxummiin baay’inaa jiru keessaa teeknooloojii qabbaneessituu(Firiijii) fi galteewwan barbaachisoo ta’an fayyadamuun, oomisha qurxummii guddisuu fi oomisha sona itti dabaluun dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Raabsaan cuucii qurxummii bal’inaan raawwatamaa akka jiru eeruun, hanga ammaatti cuucii qurxummii miiliyoona 10 ol qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu taasifameera jedhan.   Itti fayyadama qabeenya kanniisaa irraa biyyaaattiin argattu guddisuuf gaagura ammayyaa waliin gahamaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasa sirna gaagura aadaa irraa gara ammayyaatti akka fayyadamu hojii hojjetameen gaagurri ammayyaa miiliyoona lamaa fi kuma dhimma shan uummata qaqqabeera jedhani. Kunis oomishni dammaa akka dabalu kan taasise yoo ta’u, bara darbe dammi toonii kuma 147 ol oomishamuu ibsaniiru.
Adeemsi filannoo milkaa'aa  akka ta’uuf odeeffannoo sirrii ta'e uummata biraan gahuun gahee keenya ni baana
Feb 18, 2026 24
Guraandhala 11/2018 (ENA): Adeemsi filannoo bara kanaa milkaa’aa akka ta’uuf odeeffannoo sirrii ta’e uummata biraan gahuun gahee ofii akka bahatan ogeeyyii fi hoggantoonni komunikeeshinii ibsani. Filannoo waliigalaa 7ffaa ji’a Caamsaa keessa gaggeeffamu ilaalchisee, ogeeyyiin komunikeeshinii fi hoggantoonni Naannoo Kibba Itiyoophiyaa ENA waliin turtii taasisaniin, milkaa’ina filannoo waliigalaa dhufuuf odeeffannoo sirrii ta’e uummata biraan gahuu akka qaban ibsaniiru.   Namoota yaada kennan keessaa Itti Gaafatamaan Kutaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Godina Goofaa Yeetimgeetaa Tasfaayee odeeffannoo hirmaannaa uummataa adeemsa filannoo keessatti cimsu kennuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Filannoon kun nagaa, dimokiraatawaa fi uummata biratti amanamaa akka ta’uuf hojii odeeffannoo barbaachisaa ta’e jalqaba adeemsa irraa kaasee hawaasa biraan ga’uuf xiyyeeffannoon addaa kennamee jiraachuu ibsaniiru.   Hogganaan Kutaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Godina Walaayittaa Barakat Warquu gama isaaniin, adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee odeeffannoo si’ataa fi sirrii ta’e uummata biraan ga’uuf xiyyeeffannoon kennameera jedhani.   Kutaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Magaalaa Diillaatti Daarektarri Karoora Misoomaa Nabiyyuu Goobanaa akka ibsanitti, gahumsa ogeeyyii odeeffannoo sirrii kennuu cimsuun adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee odeeffannoo si’ataa hawaasaaf kennuu fi hubannoo uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhani.   Adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee dameen komunikeeshinii itti gaafatamummaa isaa akka ba’uuf hojiin hojjetamaa jira jedhan Hogganaan Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Haayilamaariyaam Tasfaayee.
Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan taasifte jijjiirama caasaa diinagdee guddaa fideera
Feb 18, 2026 20
Guraandhala 11/2018 (ENA): Imaammanni riifoormii diinagdee Gooroo bal’aan Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oole jijjiirama caasaa diinagdee biyyattii keessatti murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Garee Baankii Daldalaa fi Misooma Bahaa fi Kibba Afrikaa Admaasuu Taaddasaan himani. Riifoormiin diinagdee Gooroo bal’aan Itiyoophiyaa safartuu jijjiirraa gabaa irratti hundaa’e, imaammata maallaqaa ammayyaa fi riifoormii faayinaansii hojiirra oolchuun diinagdee cimaa, hunda hammatee fi itti fufiinsa qabu ijaaruuf kan akeekedha. Pireezidaantiin Garee Baankii Daldalaa fi Misooma Bahaa fi Kibba Afrikaa Admaasuu Taaddasaan ENA’tti akka himanitti, tarkaanfiin haaromsa diinagdee mootummaan fudhate dinqisiisaa fi dhaabbilee faayinaansii biyyattii Afrikaa keessatti dorgomaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis, fooyya’iinsi diinagdee Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiru qindoomina kallattii faayinaansii Afrikaatiif murteessaa ta’uu ibsaniiru. Dameen faayinaansii banaa ta’uu fi fooyya’iinsi bu’uuraalee imaammataa baankonni Itiyoophiyaa michoota ardii isaanii waliin tumsa qaban cimsuu fi badhaadhina itti fufiinsa qabuuf waliin hojjechuuf haala mijataa kan uumuu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis haaromsi kun invastimantii kallattiin alaa hawwachuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan. Baankota Itiyoophiyaa dabalatee dandeettiin baankota Afrikaa yeroo ammaa guddachaa jiraachuu eeruun, kana daran cimsuun ardichi dhaabbata guddaa mataa isaa ijaaruu qaba jedhaniiru. Baankonnii fi dhaabbileen faayinaansii Afrikaa guddina diinagdee ardii kanaa keessatti gahee isaanii bahuu akka qabanis hubachiisaniiru. Yeroo ammaa kana dandeettiin isaanii ardii kana keessatti yeroodhaa gara yerootti guddachaa akka jiru himuun, dandeettii kana saffisiisuun guddinaa fi badhaadhina itti fufiinsa qabu ardii kanaatiif waliin hojjechuu akka qaban dubbataniiru. Pirezidaantichi dandeettiin baankota Afrikaa yeroo ammaa haalaan guddachaa akka jiru kan ibsan yoo ta’u, fakkeenyaaf kaappitaalli Baankii Daldalaa fi Misooma Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Dolaara biiliyoona 10 ol akka ga’e hubachiisaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Adeemsi filannoo milkaa'aa  akka ta’uuf odeeffannoo sirrii ta'e uummata biraan gahuun gahee keenya ni baana
Feb 18, 2026 24
Guraandhala 11/2018 (ENA): Adeemsi filannoo bara kanaa milkaa’aa akka ta’uuf odeeffannoo sirrii ta’e uummata biraan gahuun gahee ofii akka bahatan ogeeyyii fi hoggantoonni komunikeeshinii ibsani. Filannoo waliigalaa 7ffaa ji’a Caamsaa keessa gaggeeffamu ilaalchisee, ogeeyyiin komunikeeshinii fi hoggantoonni Naannoo Kibba Itiyoophiyaa ENA waliin turtii taasisaniin, milkaa’ina filannoo waliigalaa dhufuuf odeeffannoo sirrii ta’e uummata biraan gahuu akka qaban ibsaniiru.   Namoota yaada kennan keessaa Itti Gaafatamaan Kutaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Godina Goofaa Yeetimgeetaa Tasfaayee odeeffannoo hirmaannaa uummataa adeemsa filannoo keessatti cimsu kennuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Filannoon kun nagaa, dimokiraatawaa fi uummata biratti amanamaa akka ta’uuf hojii odeeffannoo barbaachisaa ta’e jalqaba adeemsa irraa kaasee hawaasa biraan ga’uuf xiyyeeffannoon addaa kennamee jiraachuu ibsaniiru.   Hogganaan Kutaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Godina Walaayittaa Barakat Warquu gama isaaniin, adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee odeeffannoo si’ataa fi sirrii ta’e uummata biraan ga’uuf xiyyeeffannoon kennameera jedhani.   Kutaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Magaalaa Diillaatti Daarektarri Karoora Misoomaa Nabiyyuu Goobanaa akka ibsanitti, gahumsa ogeeyyii odeeffannoo sirrii kennuu cimsuun adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee odeeffannoo si’ataa hawaasaaf kennuu fi hubannoo uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhani.   Adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee dameen komunikeeshinii itti gaafatamummaa isaa akka ba’uuf hojiin hojjetamaa jira jedhan Hogganaan Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Haayilamaariyaam Tasfaayee.
Paartiin Badhaadhinaa bu’aa hunda galeessa waggoota darban keessatti galmeesse itti fufsiisuun biyyattii biyya fakkeenyummaa qabdu taasisuuf hojjechaa jira
Feb 17, 2026 129
Guraandhala 10/2018 (ENA) - Paartiin Badhaadhinaa bu’aa hunda galeessa waggoota darban keessatti galmeesse itti fufsiisuun biyyattii biyya fakkeenyummaan waamamtu taasisuuf hojjechaa akka jiru Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dawaa obbo Kadir Juhaar ibsani. Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa Bulchiinsa Dirree Dawaatti gaggeeffamuuf mallattoo (bissii qamadii) fi manifeestoo isaa ifoomseera.   Kantiibaan magaalattii obbo Kadir Juhaar hoggansa Paartii Badhaadhinaatiin damee qonnaa, industirii, turizimii, albuudaa fi teeknooloojii irratti jijjiirama itti fufinsa qabu galmeessuun fayyadamummaa hunda galeessa ummataa mirkaneessuun danda’ameera jedhan.   Hirkatummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uudhaan, of danda’uu bira darbee, oomisha qamadiitiin sharafa alaa argachuu eegalleerra jedhan. Injifannoon guddaan oomisha qamadii irratti arganne mallattoo filannoo dhaabichaa ta’uu qofa osoo hin taane, waliigaltee biyyaalessaa akka qamadii ida’amuun biyyattii gara seenessa waloo tokkootti jijjiiruun,biyya fakkeenyumaan eeramtu taasisuuf kutannoon akka hojjetaanis ibsaniiru.   Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dawaaa obbo Ibraahim Yuusuf gama isaaniin, waggoota darbaniif fedhii hawaasaan biyya hoogganaa kan jiru paartiin badhaadhinaa, bu’aa hunda galeessa guutuu biyyattii keessatti galmeessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu danda’eera jedhani. Itti dabaluunis, paartiin deeggarsa ummataa fi filannoon gara aangootti dhufe, guddina dinagdee fi hawaasummaa sadarkaa hawaasaa hundatti galmeessuun biyya keenya gara ifaatti jijjiireera jedhan. Hoggantoonni olaanoo, miseensonnii fi deeggartoonni Paartii Badhaadhinaa sirna kana irratti argamuun filannoo waliigalaa 7ffaa baatii Caamsaa keessa gaggeeffamu guutummaatti nagaa, dimokiraatawaa fi tasgabbaa’aa akka ta’u itti gaafatamummaa isaanii ba’achuuf waadaa galaniiru.
Mariin biyyoolessaa waldhabdee kanaan dura tureef furmaata waaraa buusuu keessatti gahee murteessaa qaba - Manguddoota Oromoo fi Abbootii Amantaa
Feb 17, 2026 125
Guraandhala 10/2018 (ENA)- Mariin biyyoolessaa waldhabdee darbaniif furmaata waaraa buusuu keessatti gahee murteessaa waan qabuuf, milkaa’ina isaaf hundi keenya gahee keenya bahuu qabna jedhan Abbootiin Gadaa Oromoo fi Abbootiin Amantaa. Abbaa Gadaa Tuulamaa fi Barreessaan Abbootii Gadaa Oromoo Goobana Hoolaan ENAtti akka himanitti, adeemsa ajandaa marii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffame qindeessuu irratti, waldhabdee kanaan dura ture furmaata waaraa hin arganne mariin akka furamaniif ni gargaara jennee amannu ajandaa kennineerra jedhani. Mariin biyyoolessaa rakkoo keenya itti fufiinsaan hiikuu keessatti gahee bakka bu’aa hin qabne kan qabuu fi bakka furmaanni itti argamuu danda’u ta’uu ibsaniiru. Abbaa Gadaa Oromoo Maccaa kan ta’an Warqinaa Tarreessaa gama isaaniin,adeemsi marii kun kutaalee hawaasaa hunda, bu’uura irraa kaasee hanga hayyoota siyaasaa ol’aanootti kan hirmaachise ta’uu ibsaniiru. Mariin kun rakkoolee keenya karaa itti fufiinsa qabuun hiikuu qofa osoo hin taane, guddina hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa biyyattii saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Abbaa Amantaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa kan ta’an Barsiisaa Luba Lammaa Bayyanaa gama isaaniin, rakkoo, wal-hubannoo fi wal-dhabdee nu mudate furuuf mariin biyyaalessaa murteessaa dha jedhani. Qaamoleen biyya keessaas ta’e biyya alaa dhimmi biyyaa keessaa na’ilaallata jedhan hundi adeemsa marii kanaa keessatti hirmaannaa isaanii cimsuun mariin kun akka milkaa’u gochuu akka qaban ibsaniiru.
Milkaa'ina Marii Biyooalessaaf gahee mataa keenyaa ni baana - Miseensota Mana Maree
Feb 17, 2026 84
Guraandhala 10/2018 (ENA)- Mariin Biyyoolessaa imala misoomaa Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif gahee keenya ni baana jedhan miseensonni Mana Maree Naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa.   Miseensa Mana Marichaa kan ta’an doktar Masfin Wadaajoo Mariin Biyyoolessaa kun rakkoolee yeroo dheeraaf turan mariidhaan hiikuun nagaa waliigalaa akka dhugoomuuf kan gargaaru ta’uu ENAtti himaniiru. Mariin biyyoolessaa tokkummaa ummataa cimsuun imala Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti taasiftu saffisiisuu keessatti ga’ee murteessaa akka qabu eeruun, Miseensonni mana maree rakkoolee gurguddoo biyyoolessaa mariidhaan hiikuu irratti adda duree ta’uun ni hirmaanna jedhaniiru.   Miseensa Mana Maree kan ta’an Tigisti Kabbadaa akka ibsanitti, namni rakkoo keenya nu caalaa beekuu fi furmaata kennuu hin jiru; mariin kun rakkoolee dhimma biyya keenyaa wajjin wal qabatan karaa nagaan furuuf carraa gaarii fideera jedhani.   Miseensi mana marichaa kan biraa Daawit Minootaa akka ibsanitti, marii biyyoolessaa ajandaa ijoo keenya taasifachuun, rakkoolee keessoo mariitiin hiikuun Itiyoophiyaa fakkeenya Afrikaa taasisuuf mul’ata jiru waliin ta’uun saffisiisuu qabna jedhan. Miseensonni mana marichaas hubannoo tokkummaa ummataa cimsuun dabalatatti, rakkoolee mariin furuun faayidaa biyyoolessaa hawaasni akka hubatu gochuun itti gaafatamummaa keenya bahachuu qabna jedhaniiru.
Hariiroon Dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Ruwaandaa Tumsa Daldalaa fi Invastimantiin Cimaa dhufeera
Feb 17, 2026 105
Guraandhala 10/2018 (ENA)- Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Ruwaandaa tumsa daldalaa fi invastimantiin cimee akka jiru Itiyoophiyaa fi Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ruwaandaa, Gamtaa Afrikaa fi Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaatti Bakka Bu’aan Dhaabbataa Ruwaandaa Chaarlis Kaarumbaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo waldhabdee keessoo Ruwaandaatti jila waraanaa bobbaasuun nagaa fi tasgabbii Ruwaandaa keessatti gahee ijaarsaa nageenyaaf shoora olaanaa bahachuu turtii ENA waliin taasisaniin yaadachiisaniiru . Kun gumaacha Itiyoophiyaa ta’uu ibsuun, michummaa gad fagoo biyyoota lamaan gidduu jiru kan mul’isu ta’uu himani. Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Ruwaandaa Imbaasii banuu bira kan darbee akka ta’e ibsuun, komishinii ministeerotaa waloo hundeessuun bu’uura dhaabbataatiin michooma waaraa uumuu danda’aniiru jedhani. Hariiroon dippilomaasii biyyoota gidduu jiru gama hawaasummaa fi dinagdeetiin tumsa cimaa uumaa akka jirus hubachiisaniiru.   Gama fayyaa, ijaarsa mana jireenyaa fi misooma magaalaatiin walta’iinsa isaanii cimsuuf hubannoo waloo irra ga’uu isaanii ibsuun, barattoonni fayyaa Ruwaandaa Itiyoophiyaatti dameewwan ispeeshaalitii fi saab ispeeshaalitii (subspecialty) adda addaatiin barnoota isaanii hordofaa akka jiran ibsaniiru. Biyyoonni kunneen damee waraanaa irrattis waliin hojjechaa akka jiran eeruun, gama kanaan leenjii fi muuxannoo waljijjiirraa gaggeessaa akka jiran dubbatani. Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa hariiroo waraanaa biyyoota gidduu jiru cimsuuf gita isaanii Ruwaandaa Jeneraal Mubaarak Mugaangaa waliin muuxannoo waljijjiirraa fi marii gaggeeffamaa ture akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Hariiroon dippilomaasii cimaan Itiyoophiyaa fi Ruwaandaa gidduutti ijaarame carraa daldalaa fi invastimantii babal’isuun tumsa isaanii akka cimsus ibsaniiru. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa guyyaatti balalii kallattiin yeroo sadii gara Ruwaandaa Kiigaaliitti kan taasisu ta’uu eeruun, kunis daldalaa fi invastimantii akkasumas hariiroo ummataa biyyoota lamaanii cimsa jedhan. Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa misoomaa fi guddina diinagdee galmeessaa jiran keessaa tokko ta’uu hubachisuun, kanaafis Magaalaa Finfinneetti misoomni koriidaraa hojjetame fakkeenya ajaa’ibaa ta’uu ibsani.
Nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneesuuf caalaalee nageenyaa cimsuun murteessaadha - Waajjira Milishaa Oromiyaa
Feb 16, 2026 240
Guraandhala 9/2018(ENA)- Waajjirri Milishaa Naannoo Oromiyaa nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf Ajajoota Milishaa Aanaalee fi Gandootaa Leenjisaa ture Eebbiseera. Sirna eebbaa kanarratti Hogganaan Waajjira Milishaa Oromiyaa Obboo Abarraa Buunnoo ergaa dabarsaniin, dandeettii raawwachiisummaa humna Milishaa ummata hirmaachiseen nageenya nannichaa mirkaneessuu, Heeraa fi Seera kabajee akka kabachiisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.   Birmadummaa Biyya keenyaa Aggaammii Baandaa keessaa fi Baadaa Alaa irraa qolachuuf naannoo keenya eeguurra darbee ergama addaaf qophii ta'uu qabdu jedhaniiru. Miseensonni Milishaa har’a eebbifamtan dirqama kamuu keessatti obbolummaan tokkoomtanii nageenya waaressaa abdii uummataa fakkeenyummaan nageenya mirkaneessuu qabdu jechuun dhaamaniiru.   Daarektarri gidduugala leenjii Bulbulaa komaandar Taayyee Baqqalaa Eebbifamtoonni Itti gaafatamummaa hawaasummaa, Ol'aantummaa heeraa fi seeraa kabajuu fi kabachiisuuf imaana kennameef amanamummaan akka bahan dhaamaniiru.   Itti gaafatamaa Kilaastara Haqaa fi Nagaa Oromiyaa Obboo Geetaachoo Taammiraat Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa ajajoota milishaaf kennamaa ture eebbifamtoonni gama hundaan bu’aa ol'aanaa galmeessisuu fi hojii Qulqullina qabu hojjechuuf akka isaan dandeessisu ibsaniiru. Ajajoonni milishaa eebbifamanis hawaasa keenyatti deebinee nageenya ummataa karaa mirkanaa'uun ni hojjenna jedhaniiru. Waajjira Milishaa Naannoo Oromiyaarraa

Hawaasummaa
Hojiilee Itiyoophiyaan damee bishaanii fi qulqullina naannootiin galmeessite ajandaa ardii galmaan ga’uuf bu’uura dha – Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa
Feb 17, 2026 85
Guraandhala 10/2018 (ENA)- Ministirri Bishaanii fi Inarjii, Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa akka ibsanitti, hojiileen Itiyoophiyaan damee bishaanii fi qulqullina naannootiin galmeessite ajandaa ardii galmaan ga’uuf bu’uura guddaa ta’uu dubbatan. Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan Guraandhala 7 fi 8/2018 mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063’f” jedhuun akka gaggeeffame ni beekama. Ministirri kun turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Afrikaan qabeenya bishaaniitiin kan eebbifamte taatus, ammallee ardii addunyaa biroo waliin wal bira qabamtee gaafa ilaalamtu waliin gahinsa bishaan dhugaatii fi anniisaa irratti xiqqaa ta’uu hubachiisaniiru. Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa bishaanii fi qulqullina naannoo irratti xiyyeeffatee gaggeeffame, fedhii yeroo ammaa fi itti fufiinsa qabu guutuuf ardii kanaaf baay’ee barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Qajeelfamni kun biyyoonni miseensa ta’an qabeenya bishaanii isaanii jijjiirama diinagdee fi nageenya uummata isaaniif akka fayyadamaniif kaka’umsa guddaa kan uumu ta’uu himan. Itiyoophiyaan bu’aa damee bishaanii fi qulqullina naannootiin galmeessite galma ga’iinsa ajandaa ardii kanaatiif bu’uura guddaa akka ta’es hubachiisaniiru. Hojii gama kanaan hojjetameen bu’aa argame keessaa ummanni biyyattii gara miliyoona 80tti dhiyaatu bishaan dhugaatii qulqulluu irraa fayyadamoo ta’uu danda’uu ibsaniiru. Ministirri kun qabeenyi bishaanii madda dhiyeessii anniisaa biyyattii isa ijoo ta’uu hubachiisuun, kanaaf hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fakkeenya guddaa dha jedhan. Finfinneen magaalaa waggaa waggaan hoggantoota Gamtichaa kan ajaa'ibsiiftu ta'uu eeruun Ministirri kun, hojiin bishaanii fi qulqullina naannoo magaalattii keessatti hojjetamaa jiru kan lafarratti qabatamaan mul’ataa jiru ta’uu eeraniiru. Kun immoo bu’aan Itiyoophiyaan qabatamaan agarsiisaa jirtu, jecha bira darbee, biyyoota Afrikaa biroof barumsaa fi muuxannoo guddaa kan kennu ta’uu ibsan.
Oromiyaatti bara kanaa bakkeewwan gahumsaa turistiif oolan misoomsuuf hojjetameen milkaa’inni hedduun argameera
Feb 16, 2026 116
Gurndhala 9/2018 (ENA) - Naanno Oromiyaatti bara kana bakkewwaan gahumsaa tursitiif oolan misoomsuuf hojii hojjetameen milkaa’inni hedduun argamuu Biroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksisee. Biirichatti Daarektarri Misooma Sona Aadaa obbo Olaanaa Tashoomaa ENAtti akka himanitti; Naannichatti yeroo dheeraaf dameen turizimii xiyyeeffannoon osoo hin kennamiifiin turuu ibsaniiru. Mootummaan naannichaa erga jijjiramaa asii xiyyeeffannoo addaan hojiiwwan bakka gahumsa turizimii adda baasuu, misoomsuu fi beeksisuurratti hojjeteen milkaa'inni guddaan argamuu himaniiru. Keessattu waggoota lamaan darbaan godinaalee Oromiyaa hundatti sadarkaa jedhamuu danda'uun bakkeewwan hawata turizimii akka misooman hawaasni gaafataa ture akka inisheetiviitti qabatamee bu’uuraleen misoomaa akka guutanii fi misoomfamuu taasifamuu eeraniiru. Kanneen keessaas Godina Buunnoo Beddelleetti kan argamu Fincaa'aa Daagaa Waaj, Goina Iluu Abbaa Booraa Fincaa’aa Soor, Magaalaa Naqamteetti kan argamu Haroo Sorgaa, Magaalaa Jimmaatti haroo booyyeerra, Shawaa bahaa Haroo qooqaa fi Basqaarratti, godina Harargee bahaatti hojiin dhagaa Baabbileerratti, godinni Baalee hojiin Paarkiiwwan gaarreen Baalee irratti hojjetamaa jiru akka fakkeenyaatti kan eeraman ta'uu ibsaniiru. Hojiiwwan hojjetaman kanaanis bakkeewwan gahumsa tursitii baay'inaa fi qulqullinaan dabaluun danda'amuu qofaa osoo hin taane lammilee hedduufis carraa hojii uumuu himaniiru. Akkasumas daawwattoota harkisuu fi tursiisuuf bu’uraalee misoomaa guutuun cinatti bakkeewwan kanatti haala aadaa nyaataa fi uffannataa, sirbaa fi kanneen biroo irratti bal’inaan hojjechuun naannichatti biyya keessaas ta’e alaa dhufanii Oromiyaa daawwatan dabalaa deemaa jira jechuun dubbataniiru. Gama biraan naannichatti hojiin bakkeewwan gahumsa tursitii kanaan dura turan tursitiif mijataa gochuu fi bakkeewwan ikkoo turizimii qorannoon adda baasuu xiyyeffannoon hojjetamuu eeraniiru. Akka naannichaatti bara kana iddoowwan gahumsa tursitii 372 adda baasuun misoomsuuf karoorfamee hojjetama jiraachuu eeraniiru. Haala kanaan baatiwwan ja'an darbanitti bakkeewwan hawwata turistii 120 ol misoomanii tajaalila kennaa jiru jedhan. Naannichaatti hojiiwwan iddoowwan ikoo turizimii adda baasuu hojjetameenis milkaa’innii argamuu eeranii keessaatti paarkiiwwan adda addaa haaraan akka hundeeffamuu fi kanneen kanaan dura hundaa'anii xiyyeeffannoo hin arganneef xiyyeeffannoon kennameefi bulchiinsi isaanii sirreeffamuu ibsaniiru. Paarkiiwwan akka naannootti haaraa hundeeffaman keessaas Godina Gojiitti kan argamu Paarkii Baddaa Magaadaa fi Godina Iluu Abbaa Booraatti kan argamu Paarkii Yaayyoo kan eeramudha jedhaniiru. Naannichatti bakkeewwan gahumsa tursitii baay'inaan dabaluun danda'ameera. Gama biraan Mootummaan naannichaa Komishiinii Turizimii Oromiyaa akka hundaa’u taasisiisuun qabeenyi turzimii naannichaa dhaadhessaa cimaa akka argatu, qaqqabamummaa fi qulqullinii hojii beeksisaa Turizimii nannichaa akka dabaluu danda’uu taasisuus himaniiru.
Caffeen Oromiyaa labsii dhaqqabamummaa tajaajila haqaa dabaluuf kan kaayyeffate muudama abbootii seeraa fi labsii raggaassise 
Feb 15, 2026 259
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Caffeen Oromiyaa labsii dhaqqabamummaa tajaajila haqaa dabaluuf kan kaayyeffate muudama abbootii seeraa fi labsii walgahii idilee isaa irratti raggaasiseera. Walgahiin idilee 10ffaa Caffee naannoo Oromiyaa marsaa 6ffaa waggaa 5ffaa ajandaawwan adda addaa irratti mari'achuu fi labsii adda addaa raggaasisuun xumurame. Kana waliin Manni Maree Naannoo Oromiyaa labsii dhaqqabamummaa tajaajila haqaa dabaluuf kan kaayyeeffate muudama abbootii murtii aanaa raggaasisuun xumureera. Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo wixinee labsii kanarratti yaa’ichaaf ibsa kennaniin, labsiin dhaqqabamummaa haqaa dhugoomsuuf kaayyeffate ragga’uusaa ibsaniiru. Tajaajilli seeraa bilisaa kun amantaa lammiileen sirna haqaa biyya isaanii irratti qaban guddisuuf, haqaa argachuuf bu’uura kaa’uu fi lammiileen sababa hanqina maallaqaatiin tajaajila kana akka hin dhabne gochuun kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru. Akkasumas labsiin kun lammiilee abukaatoo dhaabbachuuf humna hin qabne dabalatee dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota fayyadamoo kan taasisu bu’uura seeraa fi hojmaata kan of keessatti hammate ta’uu himaniiru. Mineensonni Caffee marii bal’aa erga taasisanii booda, labsiin tajaajila seeraa bilisaa lakkoofsa 264/2018 akka rakkaasifame ibsani hogganaan kuni.   Haaluma walfakkaatuun manni marichaa muudama abbootii murtii hojii raawwachiiftuu fi aanaa raggaasiseera. Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimal abbootii murtii muudaman mana marichaaf wayita dhiyeessan akka ibsanitti, kenniinsa haqaa fi haqaa naannichaa sirreessuuf humna namaatiin damicha cimsuun murteessaa ta’uu dubbatani. Hirmaannaa abbootii murtii dubartootaa dirree kanarratti cimsuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, abbootii murtii aanaa 88 har’a Caffeen muudaman keessaa 26 abbootii murtii dubartoota ta’uu ibsaniiru. Kana malees manni marichaa muudama Aadde Roozaa Biyyaan Hoggantuun Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa taasisuun raggaasiseera. Gama biraatiin Caffeen malaammaltummaan kan shakkaman obbo Gammachuu Dabalaa Gannatii irraa mirga himatamuu dhabuu kaasuun isaa ni yaadatama.
Diinagdee
Sagantaa Maaddii Guutuudhaan hojii oomisha qurxummii fi damma guddisuuf hojjetameen bu’aan galmaa’eera
Feb 18, 2026 14
Guraandhala 11/2018 (ENA): Sagantaa Maaddii Guutuudhaan oomisha qurxummii fi damma guddisuuf hojii hojjetameen bu’aa galmeessisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Maaddii Guutuu kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame, oomisha bu’aawwan beeyladaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha. Sagantaan kun qonna magaalaa akka utubaa diinagdeetti fayyadamuun magaalota keessatti qaala’insa jireenyaa itti fufiinsaan hir’isuuf hojjetamaa jira. Akka Ministeera Qonnaatti Daarektarri Olaanaa Misooma Beeyladaa fi Qurxummii Tsiggereedaa Fiqaaduu jedhanitti, Oomisha bu’aalee beeyladaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan galmaa’eera. Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabdu waliin wal qabatee oomishtummaa bal’isuu fi itti fayyadama qabeenya uumamaa ishee guddisuu akka qabdu eeruun, Biyyattii keessatti bishaan hedduun jiraatanis, oomisha qurxummiidhaan sadarkaa gahaan itti fayyadamaa akka hin jirre hubachiisaniiru. Naannoo qurxummiin baay’inaa jiru keessaa teeknooloojii qabbaneessituu(Firiijii) fi galteewwan barbaachisoo ta’an fayyadamuun, oomisha qurxummii guddisuu fi oomisha sona itti dabaluun dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Raabsaan cuucii qurxummii bal’inaan raawwatamaa akka jiru eeruun, hanga ammaatti cuucii qurxummii miiliyoona 10 ol qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu taasifameera jedhan.   Itti fayyadama qabeenya kanniisaa irraa biyyaaattiin argattu guddisuuf gaagura ammayyaa waliin gahamaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasa sirna gaagura aadaa irraa gara ammayyaatti akka fayyadamu hojii hojjetameen gaagurri ammayyaa miiliyoona lamaa fi kuma dhimma shan uummata qaqqabeera jedhani. Kunis oomishni dammaa akka dabalu kan taasise yoo ta’u, bara darbe dammi toonii kuma 147 ol oomishamuu ibsaniiru.
Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan taasifte jijjiirama caasaa diinagdee guddaa fideera
Feb 18, 2026 20
Guraandhala 11/2018 (ENA): Imaammanni riifoormii diinagdee Gooroo bal’aan Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oole jijjiirama caasaa diinagdee biyyattii keessatti murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Garee Baankii Daldalaa fi Misooma Bahaa fi Kibba Afrikaa Admaasuu Taaddasaan himani. Riifoormiin diinagdee Gooroo bal’aan Itiyoophiyaa safartuu jijjiirraa gabaa irratti hundaa’e, imaammata maallaqaa ammayyaa fi riifoormii faayinaansii hojiirra oolchuun diinagdee cimaa, hunda hammatee fi itti fufiinsa qabu ijaaruuf kan akeekedha. Pireezidaantiin Garee Baankii Daldalaa fi Misooma Bahaa fi Kibba Afrikaa Admaasuu Taaddasaan ENA’tti akka himanitti, tarkaanfiin haaromsa diinagdee mootummaan fudhate dinqisiisaa fi dhaabbilee faayinaansii biyyattii Afrikaa keessatti dorgomaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis, fooyya’iinsi diinagdee Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiru qindoomina kallattii faayinaansii Afrikaatiif murteessaa ta’uu ibsaniiru. Dameen faayinaansii banaa ta’uu fi fooyya’iinsi bu’uuraalee imaammataa baankonni Itiyoophiyaa michoota ardii isaanii waliin tumsa qaban cimsuu fi badhaadhina itti fufiinsa qabuuf waliin hojjechuuf haala mijataa kan uumuu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis haaromsi kun invastimantii kallattiin alaa hawwachuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan. Baankota Itiyoophiyaa dabalatee dandeettiin baankota Afrikaa yeroo ammaa guddachaa jiraachuu eeruun, kana daran cimsuun ardichi dhaabbata guddaa mataa isaa ijaaruu qaba jedhaniiru. Baankonnii fi dhaabbileen faayinaansii Afrikaa guddina diinagdee ardii kanaa keessatti gahee isaanii bahuu akka qabanis hubachiisaniiru. Yeroo ammaa kana dandeettiin isaanii ardii kana keessatti yeroodhaa gara yerootti guddachaa akka jiru himuun, dandeettii kana saffisiisuun guddinaa fi badhaadhina itti fufiinsa qabu ardii kanaatiif waliin hojjechuu akka qaban dubbataniiru. Pirezidaantichi dandeettiin baankota Afrikaa yeroo ammaa haalaan guddachaa akka jiru kan ibsan yoo ta’u, fakkeenyaaf kaappitaalli Baankii Daldalaa fi Misooma Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Dolaara biiliyoona 10 ol akka ga’e hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan gabaa bunaa addunyaa irratti dorgomtummaa qabdu sadarkaa olaanaan guddisaa jirti- Dhaabbata Bunaa Idil Addunyaa
Feb 17, 2026 96
Guraandhala 10/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan damee bunaan guddina oomishaa fi al ergiin galmeessisaa jirtu guddachaa dhufuun dhiibbaa fi dorgomtummaa biyyattiin gabaa addunyaa irratti qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisaa jiraachuu dhaabbileen idil-addunyaa fi bitattoonni beeksisan. Daariktarri Olaanaa Dhaabbata Bunaa Idil-addunyaa(ICO) Vaanuusiyaa Nogeeraa ENA'tti akka himanitti, Itiyoophiyaan madda gosoota sanyii bunaa ajaa’ibaa fi mi'aawaa ta'anii qabdi jedhani. Itiyoophiyaan damee kana ogeessota ogummaasaa qabaniin bulchuuf tattaaffiin taasiftu bu’aa guddaa argamsiisaa jira jedhaniiru. Adeemsa oomishaa bunaa baadiyyaa sirna gabaa dijitaalaa waliin qindeessuun milkaa’ina isaaf waan ijoo ta’uu daariktarri kun ibsaniiru. Dargaggoonni qonna aadaa qofa irratti xiyyeeffachuu dhiisuun hojii buna ammayyaa qopheessuu fi al-ergii irratti bobba’uu isaaniis dinqisiifataniiru. Hoggansi waliigalaa damichaa, jijjiirama qulqullinaa fi yaada waliin walqabatee milkaa’ina diinagdeetiif karaa baneera jedhan.   Hojii daldala bunaa galchuu fi al ergii irratti kan bobb’an lammiin Chaayinaa Emilii Yiip akka jedhanitti, jaalatamummaan bunni Itiyoophiyaa maamiltoota Chaayinaa biratti qabu yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu ibsani. Bunni kun mi’aan firii addaa fi urgaawaan ajaa’ibaa filannoo addaa akka ta’u taasiseera jedhani. Kana hordofuun hammi buna Chaayinaan Itiyoophiyaarraa galchitu haalaan guddachaa akka jiru hubachiisaniiru.   Hundeessaa dhaabbata Kooldi Tiyuun Afrikaa kan ta’an Maatii Gulaalii gama isaaniin, bunni Itiyoophiyaa buna biyyoota biroo irraa wanti adda godhu, kan biraan gosoonni bunaa adda addaa naannoolee tokkoon tokkoon isaanii keessatti argamuudha jedhani. Gara fuula duraatti, Al-ergitoota Itiyoophiyaa waliin marii daldalaa bal’aa taasisuun tumsa daldalaa daran cimsuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Milkaa’inni Misooma tekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisudha
Feb 18, 2026 9
Guraandhala11/2018(ENA)- Milkaa’inni Misooma teekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisu ta’uu sagantaan misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibse. Sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti gargaaraa bulchituunii fi daarektarri Ardii Afriikaa Ahunaa Iziiyakoonwaa-Onoochii ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan gama teeknooloojii fi misooma diinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jirti. Dijiitaalayizeeshiniin Itiyoophiyaa misoomni Diinagdees Afriikaa fayyadamummaa teekinooloojiirraa gara omishtummaatti ceesisuun bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi dijiitaalaayizeeshinii si’ataan Itiyoophiyaatti galmaa’aa jiru Biyyoonni Afriikaa hirkattummaa teekinooloojii jalaa bahuu akka danda’an barumsa kan kenne tarkaanfii murteessaa ta’uusaa dubbataniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa kutannoo misooma dijiitaalaaf qabu Ardittiin hubannoo nam-tolcheenii fi damee Saayinsiin humna namaa gahoome horachuuf kaka’umsa kan uumu ta’uu kaasaniiru. Qorannoo fi qo’annoo misooma teekinooloojii Mandhaaleef xiyyeeffannoon kenname birmadummaa Dijiitaalaa mirkaneessuun guddina Diinagdee saffisiisuuf qooda murteessaa qabaachuu hubachiisaniiru. Keessumaa fedhii lammiilee tajaajila mootummaa fi bulchiinsa gaariirratti qaban deebii ariifachiisaa argamsiisuun malaammaltummaa fi hoj-maata badaa ittisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu hubachiisaniiru. Sagantaan misooma Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ce’emsa dinqisiisaa dijiitaalaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibseera. Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa mootummaa kennuun omishtummaa guddisuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Tajaajilli Dijiitaalaa hoj-maata badaa dhabamsiisuun, sirni bulchiinsaa tajaajila mootummaa Amanamaa ta’e diriirsuudhaan, guddina dinagdeetiif gahee murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Fooya’insi Diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa deeggartoota misooma mootummaan kan dinqisiifatamee fi guddina biyyattii saffisiisuun qooda olaanaa gumaachuusaa ibsaniiru.  
Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf qophiitti jirti - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 14, 2026 96
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ogummaa damee hubannoo namtolchee irratti qabdu daran guddisuuf Yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuuf qophii irra jiraachuu doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna baniinsa kanarratti haasawaa taasisaniin, jijjiiramni teeknooloojii Itiyoophiyaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n kan qajeelfamu ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa dijiitaalaa lammiilee wiirtuu misoomaa taasisan ijaaramaa akka jiran hubachiisuun, keessattuu waraqaan eenyummaan dijitaalaa biyyoolessaa Faaydaa jedhamu sirna kaffaltii fi odeeffannoo waljijjiirraa waliin qindoomuun lammiileen tajaajila gahumsaa fi nageenyi isaa eegame akka argatan taasisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2020tti Afrikaa keessatti Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee isa jalqabaa hundeessuu ishee yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana yaadama ida’amuu irratti kan hundaa’e yuunivarsiitii hubannoo namtolchee sadarkaa idil addunyaa eeggate banuuf qophiirra akka jirtus ibsaniiru. Yuunivarsiitichi namaa fi maashina kan walitti fidu ta’uu eeruun, haalawwan biyya keessaa qorannoo saayinsii idil-addunyaa waliin kan qindeessu, Afrikaan bara teeknooloojii keessatti gahee mataa ishee akka galmeessitu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi teeknooloojii kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, guddina diinagdee saffisiisuun hirmaannaa Afrikaa dirree teekinooloojii addunyaa keessatti cimsuu akka ta’e Ministirri Muummee mirkaneessaniiru.
Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru
Feb 11, 2026 135
Guraandhala 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaabooritti bara bajatichaa walakkaa waggaatti jiraattonni kuma112 ol eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhachuusaanii Bulchiinsi Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Mahaammadxahaa Abbaa Fiixaa, jiraattonni godinichaa eenyummeessaan Dijiitaalaa imala Dijiitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kan deeggaru ta’uu hubachuun, eenyummeessaa kana fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Eenyummeessaa Dijiitaalaa kallattiiwwan biyyaalessaa damee Teekinooloojiin qabaman keessaa tokko ta’uu ibsuun jiraattonni godinicha hundi eenyummeessaa kana akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.   Bara baajataa qabame jiraattonni kuma 164 ol eenyummeessaa dijiitaalaa akka argatan karoorfamee walakkaa waggaatti jiraattonni kuma 112 ol ta’an argachuusaanii ibsaniiru. Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru. Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru.
Ispoortii
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata 
Feb 10, 2026 241
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa 
Feb 8, 2026 229
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera.   Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.   Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira.   Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Feb 15, 2026 98
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani. Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru. Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan. Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru. Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru. Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Hojiin misooma bishaan kuufamaa naannichaa horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti qonna irratti akka bobba’an ni gargaara
Feb 15, 2026 79
Guraandhala 8/2018 (ENA) - Hojiin misooma bishaanii naannoo Affaaritti hojjetamaa jiru horsiisa beeyladaa cinatti horsiisee bultoonni qonnaa irratti akka bobba’an kan gargaaru ta’uu bulchaan mootummaa naannichaa obbo Awwal Arbaa ibsaniiru.   Naannichatti Sagantaan Jalqabsiisa Misooma Bishaanii bara 2018 zoonii Awusii Reesuu Aanaa Ade’aariitti mata duree “Misooma Bishaanii Hawaasa qindaa’e hammate Milkaa’ina wabii nyaataaf” jedhuun eegalameera. obbo Awwal Arbaan saganticha yeroo eegalchiisan hojiiwwan misooma bishaan kuufamaa cimsuun horsiisee bultoonni jireenya isaanii barame cinatti qonna irratti akka bobba’an taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.   Misoomni bishaan kuufamaa qabeenya uumamaa sababoota adda addaatiin dhumaa adeemaa jiru deebisuuf, hawaasni wabii nyaataa mirkaneessuu fi hiyyummaa akka mo’atu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Naannoowwan manca’an caalaatti oomishaa taasisuudhaan horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti hojii qonnaa isaanii dabaluu, beeylada isaaniif nyaata dhiyeessuu fi nyaata ofii isaanii akka danda’an himaniiru.   Sadarkaa naannootti piroojektiin misooma bishaan qindaa’ee kan bara kanaa Zoonii Awusii Reesuu, Aanaa Ade'aar, Waraansoo fi ganda Hormaatiitti eegalame lafa heektaara kuma 52 ol irratti kan raawwatamu ta'uun ibsameera. Sagantaa jalqabsiisa misooma bishaanii irratti bulchaa mootummaa naannchaa dabalatee, hoggantoonni naannoo, zoonii fi godinaalee, akkasumas jiraattonni aanaa Ade'aar argamaniiru.
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 184
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira.   Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan.   Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 155
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira.   Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16813
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2102
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015