ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Bakkeewwan Turizimii sagantaawwan Maaddii Shaggariin biyyaa fi dhalootaaf ijaaraman gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisanidha
Apr 28, 2026 31
Ebla 20/2018(ENA) - Bakkeewwan Turizimii sagantaawwan Maaddii Shaggariin biyyaa fi dhalootaaf ijaaraman gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisan ta’uu ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa ibsan. Qabeenya Turizimii bakkeewwan garagaraatti argaman misoomsuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ministirri kun ibsaniiru. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 17ffaa gaggeesseera. Akkaataa dambii hojmaataa fi naamusaa miseensotaa mana marichaa keewwata 92’n ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa mana mareetti argamuun gaaffilee miseensotarraa dhihaateef ibsaa fi deebii kennaniiru. Mootummaan Turizimii akka utubaa dinagdee tokkootti fudhachuun bakkeewwan Turizimii dabalatee hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Keessumaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisan bu’ureffachuun bakkeewwan Turizimii hedduun maaddii Shaggar, maaddii biyyaa fi maaddii dhalootaatiin ijaaramuusaanii eeraniiru. Hojiileen misoomaa kunneen gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisan ta’uu ibsaniiru. Sektarri dhuunfaa qabeenyota Turizimii bakkeewwan garagaraatti argaman misoomsuurratti hirmaannaa qaban caalaatti gabbisuuf hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru. Akkasumas humna hawaasaa qindeessuun misoomsuunii fi sadarkaasaanii guddisuun akka raawwatamanis mirkaneessaniiru. Bakkeewwan hawattootaa galmeessuu ilaalchisee ibsa kennaniin, haala nama jajjabeessuun hojjetamaa jiraachuu eeranii, amma ammaatti hawattoonni Turizimii 800 ta’an galmaa’uusaanii ibsaniiru. Kaartaa Turizimii biyyaalessaa qopheessuu ilaalchisee hojiin samuudaa naannoo Sidaamaatti gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuusaa eeranii, hojii akkasii guutuu biyyaatti gaggeessuun kallattii itti aanu ta’uu beeksisaniiru.
Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa hawaasa Godinichaa fayyadamoo taasisu cimee itti fufee jira
Apr 28, 2026 67
Ebla 20/2018 (ENA): Godina Boorana Bahaatti ijaarsi bu’uuraalee misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetame hawaasa fayyadamoo taasisu cimee itti fufuusaa Waajjirri Maallaqaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti dursaan Garee Karooraa fi Baajata, Hordoffii fi Madaallii Damee Diinagdee Liiban Annaa ENAtti himaniiru. Fedhii bu’uuraalee misoomaa hawaasaa guutuuf piroojektoonni 145 godinicha keessatti hojjetamaa jira jedhani. Pirojektoonni gurguddoon kunneen keessaa saddeet bara darberraa eegalee ijaaramaa akka jiran akeekaniiru. Dhaabbileen leenjii qonnaan bultootaa fi pirojektoonni jallisii 21 qonna ammayyeessuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaran ijaaramaa jiraachuus akeekaniiru. Itti dabaluunis daandii baadiyyaa 9, dhaabbilee fayyaa 16 fi pirojektoonni bishaan dhugaatii 11 akka jiran himaniiru. Pirojektoonni ijaarsaa 37 guutummaatti xumuramuu isaaniis ibsuun, Pirojektoonni 47 dhibbeentaa 90 irra gahaniiru jedhani. Hojii ijaarsaa hafe yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajilaaf galchuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru. Hojiileen misoomaa waggoota jijjiramaa bu’uuraalee misoomaatiin ummata godinichaa fayyadamoo taasisuuf jalqabame cimee itti fufuusaa himaniiru. Pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa guutummaan guutuutti yommuu xumuraman namoota kuma 800 ol fayyadamoo taasisuu akka danda’u hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Magaalaa Cirootti daldala seeraan Alaa ittisuuf hojjetamaa jira
Apr 28, 2026 58
Ebla 20/2018 (ENA)- Godina Harargee Lixaa, Magaalaa Cirootti sochii daldala seeraan alaa ittisuuf hojiin to'annoo cimaan qindoominaan gaggeeffamaa jiraachuu waajjirri carraa hojii uummachuu fi daldalaa Magaalichaa beeksise. Bakka bu’aan itti gaafatamaa waajjirichaa, obbo Aadam Yuusuf ENA’tti akka himanitti, Sirni Daldalaa Magaalaattii si’ataa fi seera qabeessa akka ta’uuf hawaasa waliin qindoomuudhaan akkasumas garee hojii (task force) hundeessuun hojjechaa jira. Kanaanis, Qaamolee hayyama daldalaa malee hojjetanii fi sababa malee gatii dabaluudhaan hawaasa dararan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru. Ji’oota saglan darban namoota meeshaalee irratti daballii gatii hin malle taasisan, gatii meeshaalee fuulleetti kan hin maxxansinee fi meeshaalee yeroonsaa darbe gurguraa osoo jiranii argaman 141 hidhaa fi maallaqaan adabamuusaanii eeraniiru. Hojii sirna daldalaa ammayyeessuuf hojjetameen namoonni 748 gara sirna seeraatti akka galan godhamuu hubachiisaniiru. Bakka bu’aan itti gaafatamaa Waajjira Daldalaa Godina Harargee Lixaa, obbo Jamaal Qaasim gama isaaniitiin, Godinichatti Aanaalee 15 fi Magaaloota shan keessatti gareen hojii (task force )qaamolee adda addaa hirmaachise hundaa’ee, daldala seeraan alaa ittisuuf to’annoon cimaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Yaada hawaasarraa walitti qabuudhaan, meeshaalee mootummaan deeggarsa taasisu kanneena akka boba’aa, Sukkaaraa fi Zayitaa irratti daballiin gatii akka hin taasifamneef to’annoon cimaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatameera
Apr 28, 2026 110
Ebla 20/2018(ENA) – Sadarkaa biyyaatti manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatamuu ministirri barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa ibsan. Ministeerri barnootaa naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa waliin ta’uun maneen barnootaa idileen duraa ijaarsisuuf walii galteerra gaheera. Ministirri barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa sagantaa walii galtee kanarratti akka jedhanitti, bara barnootaa 2019 manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Walii galteen har’a naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa waliin taasifame ministeerichii fi naannoleen waliin ta’uun maneen barnootaa idileen duraa kuma 1 fi 452 ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi maneen barnootaa kun torbee dhufu akka eegalamuu fi ijaarsisaanii wagga dhifu xumuramee hojii ni eegalu jedhaniiru. Haala Kanaan aanaan mana barimsaa idileen duraa hin qabne akka hin jirree fi waliin gahiinsa mana barnoootaa idileen duraa guddisuuf qooda olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.
Magaalaa Jimmaatti Dargaggoota kuma 28 ol gurmaa'aniif carraan hojii uumame
Apr 28, 2026 167
Ebla 20/2018 (ENA): Ji’oota sagal darban keessatti dargaggoonni waldaaleen gurmaa’an kuma 28 oliif hojiin uumamuu isaa itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalaa Jimmaa obbo Abdulhamiid Nuraddiin himaniiru. Itti gaafatamaan kun ENAtti akka himanitti, tajaajila liqaa, leenjii bulchiinsa faayinaansii, akkasumas iddoowwan hojii fi gurgurtaa, dargaggootaaf mijeessuun carraa hojii irraa fayyadamoo akka ta’an taasifameera jedhani. Deeggarsa kana gochuudhaan bara baajataa ji’oota sagal jalqabaa keessatti dargaggoota kuma 28 fi 811’f carraan hojii uumamuu danda’ameera jedhani. Dargaggoonni damee itti bobba’an irratti bu’a qabeessa akka ta’aniif hordoffiiniifi deeggarsi taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Dargaggoonni waldaadhaan gurmaa’an aadaa qusannaa horachuu fi galii isaanii guddisuun dandeettii ce’umsaa taasisuu uumuuf waliin hojjechuu isaaniis eeraniiru. Hiriyoota ishee waliin gurmaa’uudhaan afata oomishuuf akka jalqaban kan ibsite shamarree Harmeellaa Simeenee liqii birrii miiliyoona 1.4 fudhatanii hojii eegaluu isaanii ibsiteetti. Iddoon oomishaa, deeggarsaafi to’annoon bulchiinsi magaalattii kennu hojii isaanii keessatti bu’aa akka argatan kan isaan gargaare ta’uu ibsuun, hojii isaanii bu’a qabeessa taasisuu fi gara invastimantiitti ce’uuf dursanii karoorfachuu isaanii dubbatteetti. Abrahaam Ballaxaa hiriyyoota isaa waliin gurmaa'anii maashinii buna falfalu oomishuun gabaaf dhiyeessuu isaanii ibsaniiru. Maashinoota kana gabaaf dhiyeessuun galii isaanii dabaluu isaanii beeksisaniiru. Akkasumas industirii jipsii fi faayibaraa keessatti gurmaa’anii milkaa’uudhaan dargaggoota biroof carraa hojii uumuu isaanii ibsaniiru. Dargaggeessi Buruuk Baqqalaa gama isaatiin hiriyoota isaa waliin hojii jiibsamii fi faayibarii irratti gurmaa’uun fakkeenya ta’uu isaanii himeera. Bulchiinsi magaalichaa bakka hojii fi liqaa isaaniif waan mijeesseef namoota 12’f carraa hojii uumuu isaanii ibseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Siyaasa
Pirezdaanti Taayyee Asqasillaaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa bara hojii isaanii xumuran Siim Toongi Gook gaggeessani
Apr 27, 2026 2250
Ebla 19/2018 (ENA): Pirezdaanti Taayyee Asqasillaaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa bara hojii isaanii xumuran Siim Toongi Gook gaggeessani. Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen turtii Itiyoophiyaa keessa turanitti hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf gumaacha taasisaniif Ambaasaaddar Siim Toongi Gook galateeffataniiru. Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kaabaa waliin tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii keessatti michummaan seena qabeessi akka jirus ibsaniiru. Michummaa seenaa biyyoota damee daldalaa fi invastimantii cimsuun fayyadamummaa waliinii galmaan gahuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti dabaluunis Itiyoophiyaan hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf kutannoodhaan hojjechuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Pireezidaanti Taayyeen ergaa isaanii keessatti ambaasaaddarichi turtii Itiyoophiyaa keessa turan keessatti gumaacha taasisan hundaaf galata qaban ibsuun, gara fuula duraatti hawwii gaarii qaban dabarsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Ministirri muummee Dr. Abiyyi pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chappoo simatan
Apr 27, 2026 957
Ebla 19/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chappoo buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti kabajaan simataniiru. Daawwannaan pirezidaantichaa misooma waloo biyyoota lamaanii fi walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii karaa hiika qabuun jijjiiruu kan danda’an hojiilee qabatamaaf dursa kan kenne ta’uusaa waajjirri ministira muummee beeksiseera. Dabalataanis daawwannaan kun Itiyoophiyaan tumsa Afriikaaf kutannoo hin jijjiiramne kan mirkaneessu ta’uun himameera.
Filattoonni filannoo waliigalaa 7ffaaf haala addaan galmeeffaman:
Apr 26, 2026 3966
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Galmeen filattoota filanno Waligalaa 7ffaaf haala addaangalmeen filattootaa galmeeffamanii eegaleera jedhe. Qaamoleen galmeen filattootaa hanga Ebla 24, 2018tti turu kun ilaallatu: 1. Buqqaatota biyya keessaa 2. Barattoota Yuunivarsiiti keessatti argaman 3. Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaampii keessatti argaman Buqqaatoti biyya keessaa fi miseensonni Raayyaa Ittisaa kaampii keessatti argaman buufataalee filannoo addaa boordichi hundeesse keessatti ni galmaa'u. Filannoo kana raawwachuuf፡- Buufataalee filannoo addaa boordichi hundeessetti qaamaan dhiyaachuu Sanada eenyummeessaa dhiyeessuu Barattoonni Yuunivarsiitii ammoo fuula marsariitii addaa boordichi barattootaaf gopheesseen galmaa'uu danda'u. Galmaa'uuf neetiwoorkii Yuunivarsiitichaa keessa ta'uu Bilbila ykn Laaptooppii ykn deeskitooppii Eenyummeessaa Dijiitaalaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa yoo baafatan lakkoofsi bilbilaa ittiin ba'e akka barbaachisu boordichi beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa bara baajataa ji'oota sagal eegalameera
Apr 26, 2026 1555
Ebla 18/2018 (ENA): Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa ji'oota sagal bara baajataa 2018 eegaluu kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee beeksisan. Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee; Hojii bara baajataa kanaaf karoorfanne keessaa dhibbeentaa 96 xumuruu dandeenyeerra jedhani. Waltajjiin madaallii har’a eegale guyyoota lamaaf kan turu ta’uus akeekaniiru. Waltajjicharrattis, Hojiilee bara baajataa kana keessatti hojiirra oolchuuf karoorfannee fi dhimmoota ji’oota hafan keessatti xiyyeeffannaan itti dhiyeenyaan ni hordofna jedhaniiru. Haaluma kanaan, Madaalliin kun dhimmoota hin xumuramne bulchiinsa gaarii keessatti adda baafaman xumuruu, rakkoolee qaala’insa jireenyaa hammeessan hir’isuun qaala’iinsa jireenyaa ittisuu; gabaatasgabbeessuu, hojii bu’a qabeessa ta’e ji’oota hafan keessatti tajaajila mootummaa dijiitaalaa bakka tokkotti jalqabne kenniinsa tajaajilaatiin xumuruu irratti kan xiyyeeffatu ta’a jedhaniiru. Tajaajila hafe dijiitaala gochuun tajaajila mootummaa bakka tokkotti dijiitaalaa keessa galchuun, pirojektoota bara kana xumuramuu qaban saffisaa fi gahumsaan xumuruun wiirtuu madaallii raawwii hojii keenyaa ta’a jedhaniiru. Waggoota shanan darban keessatti raawwiin karoora keenyaa dhibbeentaa 90 ol dabalee bara 2018tti dhibbeentaa 96 akka ga’e, muuxannoo raawwii guddachaa jiru kanas madaaluun itti fufna jedhaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaa haala haqa qabeessa, bilisaa, amanamaa fi walaba ta’een akka gaggeeffamuuf haala mijataa uumuuf hoggantoonni keenya hundi itti gaafatamummaa guddaa akka ba’ataniif kallattii madaallii kaa’annee jirra jedhan. Ji’oota hafan keessatti cimina jiru eeguu, qaawwa jiru guutuu, raawwii fooyya’aa galmeessisuun xiyyeeffannoo madaallii keenyaa ta’a jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaan imala badhaadhina ishee cichoomaan itti fufsiisaa jirti – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 24, 2026 5886
Ebla 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaalee fayyadamuun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fufteetti jechuun Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa gamaggama raawwii hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajataa 2018 jalqabsiisaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa, Itiyoophiyaan biyya guddoodha, kan isheef malus bakka guddaa ta'uu ibsuun, nuyis seenaa kana hojjechuuf carraan harka keenya jira jedhaniiru Har'a raawwii gabaasa hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajata 2018 hoggantoota dhaabbilee Federaalaa Wajjin gamaggamuun eegalamuusaa Itti Aanaan ministira muummee beeksisaniiru. Waltajjiin kun adeemsa seenaa haaraa Itiyoophiyaa galmeessuu kan itti gamaaggamu, kaleessa har'a wajjin, har'a immoo boru wajjin kan wal-qabsiisu daawwitii guddaa ta'uu itti dabaluun ibsaniiru. Itiyoophiyaan kaleessa sirna ijaarsa biyyaa hin xumuramneen, hanqina demokraasii, walitti bu'iinsa naannoomaa fi biyyaalessummaan qoramti turte; har'a jijjiiramichaan mariin biyyaalessaa kan itti jalqabame, hirmaannaan paartiilee siyaasaa kan itti guddate, seeronni dhiibbaa uuman fooyya'anii imaammanni haqaa ce'umsaa kan itti ragga'ee fi tokkummaan sab-lammootaa kan itti cime boqonnaa siyaasaa haaraa banuushee dubbataniiru. Iitti Aanaan ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaaleetiin kufaatii keessaaturte rraa ka'uun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fuftetti jedhaniiru ergaa dabarsaniin Jijjiiramicha dura pirojeektonni mallattoo qisaasamaa fi harkifannaa turan, akkasumas abaarsa "akka pirojeektii mootummaa dhaabbadhuu hafi " jedhamuun ture; har'a qulqullina hojii fi hordoffiidhaan cabsuun akka danda'ame ibsaniiru. Yeroo amma pirojeektii jalqabuu, qulqullinaa fi ariitiidhaan xumuruun mallattoo mootummaa ta'uus mirkaneessaniiru. Sochiin bu’uuraalee Misooma koridarii, pirojeektiiwwan maaddii dhalootaa fi damee dijitaalaa Itiyoophiyaan gageeffame maqaa gaarii biyya keenyaa fi magaalota keenyaa akkasumas tajaajila isaa jijjiireera jedhaniiru. Itti dabaluunis, misooma qamadii fi sagantaa maaddii guutuun gabrummaa gargaarsa gaafachuu cabsuun gara wabii nyaataa mirkaneeffachuutti imalaa jirra jedhaniiru. Itiyoophiyaan Damee dippilomaasiinis gargaarsa gaafachuurraa gara Michummaa daldalaa fi invastimantii ce'uun, sadarkaa Idil-Addunyaatti beekamtii ishee sadarkaa ol-aanaatti ol guddisuushee gamaaggama gabaasaa irratti ibsaniiru.
Mootummaan hojii haaromsaa damee hundaan hojiirra oolche bu'aa gaarii galmeessisaa jira - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 24, 2026 3242
Ebla 16/2018 (ENA): Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa mootummaan hojii haaromsaa fi jalqabbii inisheetivootaa hojjechaa jiruun damee hundaan bu’aa gaarii galmeessisaa jira jedhan. Gamaaggamni raawwii hojii guyyoota 100 bara baajataa 2018 bakka itti aanaa ministira muummee obbo Tamsgeen Xurunaa fi hoggantoonni olaanoo dhaabbilee federaalaa argamanitti gaggeeffamaa jira. Itti aanaan ministira muummee haasaa baniinsaa taasisaniin jijjiirama biyyaalessaa dura Itiyoophiyaan mootummaa guutuu hin taane, waliigaltee biyyaalessaa hin qabne, qoodinsa qabeenya haqa qabeessa hin taanee fi bulchiinsa dinagdeetiin rakkachaa akka turte ibsaniiru. Keessattuu, tasgabbii dhabuun siyaasaa fi oomishtummaan diinagdee gadi aanaa ta’uun biyyattii ba’aa liqaa ol’aanaa fi rakkoof saaxilee akka ture ibsaniiru. Erga jijjiiramni dhufee as mootummaan mul’ata ifa ta’een aangoo qabateera; damee siyaasaa keessatti marii biyyaalessaa, imaammata haqaa ce’umsaa fi fooyya’iinsi seerota mana sirreessaa gaggeeffameera jedhani. Haaromsi biyya keessaa dinagdee keessatti firii agarsiisaa akka jiru hubachiisuun; waggoota saddeet darban keessatti guddinni giddu galeessaa dhibbeentaa 7.5 kan galmaa’e yoo ta’u, bara kana guddinni dhibbeentaa 10.2 ni eegama jedhani. Sagantaan mootummaan qopheesse kanneen akka ashaaraa magariisaa , misooma magariisaa,misooma qamadii fi maaddiin dhalootaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa taphachaa akka jiran himaniiru. Akkasumas pirojektoonni daandii fi misoomni koridaraa bifa biyyattii ijaaruu, jijjiiruu, turizimii guddisuu fi magaalota jireenyaaf akka mijatan taasisuu keessatti gumaacha guddaa akka taasisan hubachiisaniiru. Kana malees, Sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa fi Koodaroota Miiliyoona 5 ce'umsa teeknooloojii biyyattii saffisiisaa akka jirus ibsaniiru. Akkasumas kenniinsi Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo(masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuufis jijjiirama fiduu isaa hubachiisaniiru. Dabalataan dameen qonnaa gargaarsa makaanaayizeeshinii ammayyaatiin bifa haaraa qabachaa jiraachuu fi sirni kaffaltii dijitaalaa aadaa ta’aa jira jedhan. Gama dippilomaasiitiin Itiyoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuun gargaarsa irraa gara walta’iinsa daldalaa fi invastimantiitti ce’uun Afrikaa keessatti bakka invastimantii alaa adda duree ta’uu ishee eeraniiru. Hoggansa pirojektii ilaalchisee pirojektoonni kanaan dura mallattoo malaammaltummaa fi harkifannaa akka ta’an eeruun, amma ammoo, piroojektiin kamiyyuu osoo hin gamaaggamiinii fi hin xumuramiin gara pirojektii haaraatti kan hin galamne sirni cimaan akka diriire mirkaneessaniiru. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, ammallee qormaanni akka qaala’iinsa jireenyaa fi walitti bu’iinsa idil-addunyaa akka jiran hubachiisuun, kanneen irra aanuuf sirni “Karoora Tokko - Gabaasa Tokko” cimuu akka qabu dubbataniiru.
Filannoo waliigalaa kana irratti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira
Apr 24, 2026 2662
Ebla 16/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo guddisuuf hojii hubannoo uumuu gaggeessaa akka jiru Dhaabbileen Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa beeksise. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara kanaa galmee filattootaa kan Guraandhala 28/2018 eegalee galmeessisaa ture, guyyoota dabalataa 14’f dheeressee Ebla 14/2018 galgala xumurameera. Boordichi ibsa kaleessa Ebla 15/2018 baaseen filannoo waliigalaa torbaffaaf dijiitaalaafi qaamaan buufata filannootti filattootni miiliyoona 50 fi kuma 514 ol galmaa’uu beeksiseera. Akka sagantaa boordii kanaatti sagalee kennuun Caamsaa 24/2018 ni kennama; Paartileen morkattootaa 47 kaadhimamtoota 10,934 galmeessisuun filannoo imaammataa isaanii ummataaf dhiheessaa jiru. Qindeessaan Sagantaa Filannoo Gamtaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Iyyuu’el Zalaalam ENAtti akka himanitti, Filannoon meeshaa mootummaa biyya tokko keessatti ummata biratti fudhatama qabu hundeessuuf gargaarudha jedhani. Filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa haqummaa, dimokiraatawaa fi hunda hammate cimsuuf gamtaan filannoo hirmaannaa ummataa guddisuuf deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru. Adeemsi filannoo diimokiraatawaa,fi hirmaachisaa ta’e mirkaneessuuf, hojiin hirmaannaa dubartootaafi kutaalee hawaasaa garaagaraa kakaasuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu, dubartoonni taajjabdummaan, filachuu fi filatamuurratti akka hirmaatan, hojiin hubannoo uumuu leenjiinii fi miidiyaalee kennaa jiraachuu isaanii kaasaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo mirkaneessuuf,mata duree "Ani nan filadha" jedhuun duulli barnoota filattootaa eegalamuu isaas ibsaniiru. Paartiileen dorgomtoota filannoo waliigalaa 7ffaa, dhimmoota dubartootaan kaasan imaammatasaanii keessatti hammatan sirnaan beeksisuu akka qaban hubachiisaniiru. Kunis dubartoonni paartii siyaasaa isaan fayyada jedhaniif sagalee kennuuf hubannoo isaanii guddisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Qaamolee qooda fudhattootaa waliin ta’uun milkaa’ina filannichaa irratti hojjechaa jiraachuu eeranii, fuuldurattis dubartoonni adeemsa filannoo keessatti hirmaannaa cimaa gochuun gahee isaan irraa eegamu akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Hojiin misoomaa damee hundaan cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii
Apr 24, 2026 2002
Ebla 16/2018 (ENA): Naannoo Hararitti hojiin misoomaa damee hundaan gaggeeffamaa ture cimee itti fufa jedhan bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii. Mootummaan Naannoo Hararii gamaaggama raawwii hojii ji'oota sagal eegaleera. Bulchaan naannichaa wayita sana akka himanitti, Gamaaggamni kun raawwii karoora damee tokkoon tokkoon isaanii irratti kaa’aman qorachuun kallattii kaa’uudhaan hojiiwwan gara fuula duraatiif qophaa’uu kan kaayyeffate ta’uu ibsani. Hojiirra oolmaa isaa gama karooraa fi hudhaawwan adda baafamanii ji’oota sadan hafan keessatti hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru. Bu’aa ba’ii fi qormaanni hojiiwwan damee hawaasummaa fi diinagdee keessatti hojjetaman, akkasumas faayidaan haqa qabeessa ta’e gamaaggamamuu akka qabus hubachiisaniiru. Guddina diinagdee naannichaaf gumaachi sektaroota turizimii, invastimantii fi kanneen biroo ilaalamuu akka qabus hubachiisaniiru. Hojiin gama oomishaa fi oomishtummaa qonnaa cimsuun hojjetamees ilaalamuu qaba. Akkasumas hojiin gama olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi malaammaltummaa fi hojmaata badaa dhabamsiisuun hojjetamaa jiru gadi fageenyaan ilaalamuu qaba jedhan. Hojiin tola ooltummaa ummata irratti xiyyeeffate cimee itti fufuus beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Hawaasummaa
Manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatameera
Apr 28, 2026 110
Ebla 20/2018(ENA) – Sadarkaa biyyaatti manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatamuu ministirri barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa ibsan. Ministeerri barnootaa naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa waliin ta’uun maneen barnootaa idileen duraa ijaarsisuuf walii galteerra gaheera. Ministirri barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa sagantaa walii galtee kanarratti akka jedhanitti, bara barnootaa 2019 manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Walii galteen har’a naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa waliin taasifame ministeerichii fi naannoleen waliin ta’uun maneen barnootaa idileen duraa kuma 1 fi 452 ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi maneen barnootaa kun torbee dhufu akka eegalamuu fi ijaarsisaanii wagga dhifu xumuramee hojii ni eegalu jedhaniiru. Haala Kanaan aanaan mana barimsaa idileen duraa hin qabne akka hin jirree fi waliin gahiinsa mana barnoootaa idileen duraa guddisuuf qooda olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.
Ogeessa yeroon wal gite, kan ogummaa fi beekumsaan guutame horachuuf hojiileen bu’a qabeessi eegalaman cimanii itti ni fufu
Apr 27, 2026 830
Ebla 19/2018 (ENA):- Biiroon Hojii fi ogummaa Finfinnee, ogeessa yeroon wal gite, kan ogummaa fi beekumsaan guutame horachuuf hojiileen bu’a qabeessi eegalaman cimanii akka itti fufan ibse. Kolleejjiin pooliitekniikii Tafarii mokonnon ayyaana hundeeffama waggaa 100ffaa kan goolabaa mata duree "hambaa baraa baratti dhaloota dhufuuf darbu " jedhuun qophiiwwan gara garaatiin kabaja jira. Saganticharratti Oomishni Teeknoolojii kolleejjichaan hojjetaman kan itti dhiyaatan agarsiisni, akkasumas hojiiwwan Aartii adda addaa daawwattootaaf dhiyaataniiru. Itti Aanaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Finfinnee obbo Miidhaksaa Kabbadaa akka ibsanitti, Kolleejjii Pooliitekniikii Tafarii Mokonnon dameewwan leenjii gara garaatiin ogeessota gahumsa qaban horachuudhaan guddinaa fi misooma biyyaatiif kan ijoo ta'ee tajaajilaa jira. Biyyittiin sadarkaa Teeknoolojii Addunyaan irra gaherra akka geessuuf, kolleejjiin dhaloota dandeettii, beekumsaa fi kalaqa teeknoolojiitiin badhaadhe akka horatu yeroon kan gaafaturra akka jiru ibsaniiru. Kanarraa ka'uudhaan, kolleejjichi Ayyaana waggaa 100ffaa isaa yeroo kabaju, leenjii yeroon wal-gitu kennuu jalqabe caalmaatti cmsuu akka qabu hojii manaa guddaa kan qabatee ta'uu hubachiisaniiru. Diiniin Kolleejjii Pooliitekniikii Tafarii Mokonnon obbo Tashoomaa Fayyisaa gama isaaniitiin, waggoota kurnanii asitti "Kolleejjiin Inxooxxoo" jedhamee waamamaa kan ture har'a "Kolleejjii Pooliitekniikii Tafarii Mokonnon" jedhamee ifatti kan moggaafamu waan ta'eef, Ayyaanicha adda akka ta'u godheera jedhaniiru. Yeroo ammaa kolleejjiin damee teeknikaa fi ogummaan ogeessa gahumsa qaban horachuuf cimsee hojjechaa akka jiru ibsanii, Ayyaana har'aa yeroo kabajnu, yaadannoo darbe kabajuu irraa darbee, dhaloota damee kanaan ijaarame horachuuf hojii eegale cimsuudhaan ta’uu dubbataniiru.
Adeemsi ajandaa marii biyyoolessaa walitti qabuu xumuramee, yaa’ii muummee gaggeessuuf qophiin dhumaa taasifamaa jira
Apr 25, 2026 1531
Ebla 17/2018 (ENA)- Adeemsi ajandaa marii biyyaalessaa walitti qabuun xumuramee, marii biyyaalessaa muummee gaggeessuuf qophiin dhumaa taasifamaa jiraachuu Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Araayaa ibsan. Itiyoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf garaagarummaa yaada ture mariin furuu fi dhaloota injifannoo yaadaatti amanu uumuuf, Komishiniin Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa boqonnaa haaraa eegaleera. Komishinichi Naannolee hundaa fi Bulchiinsa Magaalota lamaanitti qaamolee hawaasaa hirmaachisuun hojii ajandaa walitti qabuu kan raawwate yoo ta'u, bakka buutota marii biyyaalessaa guddichaaf hirmaatan adda baasuus milkaa'inaan xumureera. Adeemsi hirmaattota adda baasuu fi Ajandaa walitti qabuu, Aanaarraa kaasee hanga Naannolee fi giddugaleessaatti iftoominan kan gaggeeffame yoo ta'u, kunis komishinichi gara boqonnaa marii biyyoolessaa guddichaatti ce'uuf bu'uura cimaa kaa'eera. Hojiileen komishinichi hanga ammaatti raawwate, Itiyoophiyaanonni dhimmoota keessoosaaniirratti bilisummaadhaan mari'atanii nageenyaa fi walii galtee biyyaalessaa waaraa uumuuf carraa seenaa qabeessa uumeera. Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Araayaa ENA’f akka ibsanitti; mariin biyyaalessaa nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaaf bu'uura kan kaa'uudha. Marichi lammiileen dhimmoota ijoo biyyaalessaarratti walii galtee irra ga'uun, dameewwan Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee keessatti misoomaa fi guddina waaraa galmeessisuuf carraa kan uumu ta'uu ibsaniiru. Garaagarummaa yaadaa karaa nagaa fi qaroomeen mariidhaan furuun murteessaa ta'uu eeruun, lammiileen carraa marii biyyoolessaan uumame fayyadamuun nageenyaa fi misooma biyya isaaniitiif gahee ijaarsa qaban akka bahatan dhaamaniiru. Itiyoophiyaanonni adeemsa marii keessatti rakkoolee naannoo isaanii fi biyyattiitti jiran adda baasuun komishinichaaf dhiyyeessuu isaanii yaadachiisaniiru. Torban dhufan keessa gorsitoota filataman 170 ta'aniif leenjiin kan kennamu ta'uu ibsaniiru. Lammiilee marii biyyaalessaa kanarratti hirmaatan hunda kan hirmaachisuu ta’uusaa ibsuun, yaa’ii guddaa gaggeessuuf qophiin dhumaa taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru. Komishiniin Marii Biyyooleessaa Itiyoophiyaa labsii lakkoofsa 1265/2014 erga hundaa'ee kaasee, dhimmoota bu'uuraa irratti walii galtee biyyaalessaa uumuu irratti hojiiwwan hedduu raawwachaa turuunsaa ni yaadatama.
Lammiilee Ispoortiin dagaaganii fi Dorgomaa ta'an Horachuuf , hojiin iddoowwan shaakala ispoortii babal'isuu cimee itti fufeera - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 25, 2026 855
Ebla 17/2018 (ENA)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka ibsanitti, hojiin iddoowwan shaakala ispoortii babal'isuun dandeettii ispoortii, fayyaa fi dorgommii ijoollee fi dargaggootaa mirkaneessan cimsuun itti fufuusaa ibsaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee, Gidduugala Barnootaa fi Leenjii Ispoortii, Ras Haayiluu, sadarkaa dorgommii Idil-Addunyaa gaggeessuu danda'uun haaromsamee fi bu'uuraaleen misoomaa barbaachisoo ta'an guutamanii har'a irra deebi'ee tajaajila kennuu eegaluu isaa ibsaniiru. Gidduugalichi kanaan dura eebbifamee tajaajila kennaa kan ture ta'us, rakkoo teeknikaa mudateen tajaajilli isaa yeroo muraasaaf dhaabbatee akka ture yaadachiisaniiru. Ta'us, rakkoon kun akka furamuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennamee hojjetamuun, fi galteewwan dabalataa Sadarkaa Idil-Addunyaa eeggatanii guutamuun tajaajilaaf qophii ta'uu eeraniiru. Gidduugalli ammayyaa kun, bakka daakaa bishaanii (swimming pools) sadarkaa Olompikiin eeggatanii, Jiminaaziyemii, kubbaa kachoo (basketball), kubbaa harka (handball), fi kanneen biroo of keessatti qabatee akka ammayyaa’ee ibsaniiru. Dabalatas, Gidduugala Miidiyaa, dirree Teenesii fi Kubbaa Miilaa, kaafeteeriyaa, suuqota akkasumas iddoo dhaabbii konkolaataa fi bakka bashannanaa kan hammate ta'uu ibsaniiru. Ijaarsi kun dhaloota qaamaanis ta'e sammuudhaan gabbate ijaaruuf galma qabame keessaa tokko ta'uu kan ibsan Kantiibaa Adaanech, Magaalaatti iddoowwan shaakala ispoortii akkanaa babal'isuun, ijoollee fi dargaggoonni leenjii akka argataniif hojjetamaa jira jedhaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee Gidduu galichi har'arraa eegalee dorgommii Idil-Addunyaaf, shaakalaa fi leenjiif banaa ta'uu ibsanii; ummanni gidduugalichatti akka fayyadamu, akkasumas akka eeguu fi kunuunsu hubachiisaniiru.
Diinagdee
Bakkeewwan Turizimii sagantaawwan Maaddii Shaggariin biyyaa fi dhalootaaf ijaaraman gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisanidha
Apr 28, 2026 31
Ebla 20/2018(ENA) - Bakkeewwan Turizimii sagantaawwan Maaddii Shaggariin biyyaa fi dhalootaaf ijaaraman gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisan ta’uu ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa ibsan. Qabeenya Turizimii bakkeewwan garagaraatti argaman misoomsuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ministirri kun ibsaniiru. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 17ffaa gaggeesseera. Akkaataa dambii hojmaataa fi naamusaa miseensotaa mana marichaa keewwata 92’n ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa mana mareetti argamuun gaaffilee miseensotarraa dhihaateef ibsaa fi deebii kennaniiru. Mootummaan Turizimii akka utubaa dinagdee tokkootti fudhachuun bakkeewwan Turizimii dabalatee hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Keessumaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisan bu’ureffachuun bakkeewwan Turizimii hedduun maaddii Shaggar, maaddii biyyaa fi maaddii dhalootaatiin ijaaramuusaanii eeraniiru. Hojiileen misoomaa kunneen gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisan ta’uu ibsaniiru. Sektarri dhuunfaa qabeenyota Turizimii bakkeewwan garagaraatti argaman misoomsuurratti hirmaannaa qaban caalaatti gabbisuuf hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru. Akkasumas humna hawaasaa qindeessuun misoomsuunii fi sadarkaasaanii guddisuun akka raawwatamanis mirkaneessaniiru. Bakkeewwan hawattootaa galmeessuu ilaalchisee ibsa kennaniin, haala nama jajjabeessuun hojjetamaa jiraachuu eeranii, amma ammaatti hawattoonni Turizimii 800 ta’an galmaa’uusaanii ibsaniiru. Kaartaa Turizimii biyyaalessaa qopheessuu ilaalchisee hojiin samuudaa naannoo Sidaamaatti gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuusaa eeranii, hojii akkasii guutuu biyyaatti gaggeessuun kallattii itti aanu ta’uu beeksisaniiru.
Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa hawaasa Godinichaa fayyadamoo taasisu cimee itti fufee jira
Apr 28, 2026 67
Ebla 20/2018 (ENA): Godina Boorana Bahaatti ijaarsi bu’uuraalee misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetame hawaasa fayyadamoo taasisu cimee itti fufuusaa Waajjirri Maallaqaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti dursaan Garee Karooraa fi Baajata, Hordoffii fi Madaallii Damee Diinagdee Liiban Annaa ENAtti himaniiru. Fedhii bu’uuraalee misoomaa hawaasaa guutuuf piroojektoonni 145 godinicha keessatti hojjetamaa jira jedhani. Pirojektoonni gurguddoon kunneen keessaa saddeet bara darberraa eegalee ijaaramaa akka jiran akeekaniiru. Dhaabbileen leenjii qonnaan bultootaa fi pirojektoonni jallisii 21 qonna ammayyeessuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaran ijaaramaa jiraachuus akeekaniiru. Itti dabaluunis daandii baadiyyaa 9, dhaabbilee fayyaa 16 fi pirojektoonni bishaan dhugaatii 11 akka jiran himaniiru. Pirojektoonni ijaarsaa 37 guutummaatti xumuramuu isaaniis ibsuun, Pirojektoonni 47 dhibbeentaa 90 irra gahaniiru jedhani. Hojii ijaarsaa hafe yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajilaaf galchuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru. Hojiileen misoomaa waggoota jijjiramaa bu’uuraalee misoomaatiin ummata godinichaa fayyadamoo taasisuuf jalqabame cimee itti fufuusaa himaniiru. Pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa guutummaan guutuutti yommuu xumuraman namoota kuma 800 ol fayyadamoo taasisuu akka danda’u hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Magaalaa Cirootti daldala seeraan Alaa ittisuuf hojjetamaa jira
Apr 28, 2026 58
Ebla 20/2018 (ENA)- Godina Harargee Lixaa, Magaalaa Cirootti sochii daldala seeraan alaa ittisuuf hojiin to'annoo cimaan qindoominaan gaggeeffamaa jiraachuu waajjirri carraa hojii uummachuu fi daldalaa Magaalichaa beeksise. Bakka bu’aan itti gaafatamaa waajjirichaa, obbo Aadam Yuusuf ENA’tti akka himanitti, Sirni Daldalaa Magaalaattii si’ataa fi seera qabeessa akka ta’uuf hawaasa waliin qindoomuudhaan akkasumas garee hojii (task force) hundeessuun hojjechaa jira. Kanaanis, Qaamolee hayyama daldalaa malee hojjetanii fi sababa malee gatii dabaluudhaan hawaasa dararan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru. Ji’oota saglan darban namoota meeshaalee irratti daballii gatii hin malle taasisan, gatii meeshaalee fuulleetti kan hin maxxansinee fi meeshaalee yeroonsaa darbe gurguraa osoo jiranii argaman 141 hidhaa fi maallaqaan adabamuusaanii eeraniiru. Hojii sirna daldalaa ammayyeessuuf hojjetameen namoonni 748 gara sirna seeraatti akka galan godhamuu hubachiisaniiru. Bakka bu’aan itti gaafatamaa Waajjira Daldalaa Godina Harargee Lixaa, obbo Jamaal Qaasim gama isaaniitiin, Godinichatti Aanaalee 15 fi Magaaloota shan keessatti gareen hojii (task force )qaamolee adda addaa hirmaachise hundaa’ee, daldala seeraan alaa ittisuuf to’annoon cimaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Yaada hawaasarraa walitti qabuudhaan, meeshaalee mootummaan deeggarsa taasisu kanneena akka boba’aa, Sukkaaraa fi Zayitaa irratti daballiin gatii akka hin taasifamneef to’annoon cimaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalaa Jimmaatti Dargaggoota kuma 28 ol gurmaa'aniif carraan hojii uumame
Apr 28, 2026 167
Ebla 20/2018 (ENA): Ji’oota sagal darban keessatti dargaggoonni waldaaleen gurmaa’an kuma 28 oliif hojiin uumamuu isaa itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalaa Jimmaa obbo Abdulhamiid Nuraddiin himaniiru. Itti gaafatamaan kun ENAtti akka himanitti, tajaajila liqaa, leenjii bulchiinsa faayinaansii, akkasumas iddoowwan hojii fi gurgurtaa, dargaggootaaf mijeessuun carraa hojii irraa fayyadamoo akka ta’an taasifameera jedhani. Deeggarsa kana gochuudhaan bara baajataa ji’oota sagal jalqabaa keessatti dargaggoota kuma 28 fi 811’f carraan hojii uumamuu danda’ameera jedhani. Dargaggoonni damee itti bobba’an irratti bu’a qabeessa akka ta’aniif hordoffiiniifi deeggarsi taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Dargaggoonni waldaadhaan gurmaa’an aadaa qusannaa horachuu fi galii isaanii guddisuun dandeettii ce’umsaa taasisuu uumuuf waliin hojjechuu isaaniis eeraniiru. Hiriyoota ishee waliin gurmaa’uudhaan afata oomishuuf akka jalqaban kan ibsite shamarree Harmeellaa Simeenee liqii birrii miiliyoona 1.4 fudhatanii hojii eegaluu isaanii ibsiteetti. Iddoon oomishaa, deeggarsaafi to’annoon bulchiinsi magaalattii kennu hojii isaanii keessatti bu’aa akka argatan kan isaan gargaare ta’uu ibsuun, hojii isaanii bu’a qabeessa taasisuu fi gara invastimantiitti ce’uuf dursanii karoorfachuu isaanii dubbatteetti. Abrahaam Ballaxaa hiriyyoota isaa waliin gurmaa'anii maashinii buna falfalu oomishuun gabaaf dhiyeessuu isaanii ibsaniiru. Maashinoota kana gabaaf dhiyeessuun galii isaanii dabaluu isaanii beeksisaniiru. Akkasumas industirii jipsii fi faayibaraa keessatti gurmaa’anii milkaa’uudhaan dargaggoota biroof carraa hojii uumuu isaanii ibsaniiru. Dargaggeessi Buruuk Baqqalaa gama isaatiin hiriyoota isaa waliin hojii jiibsamii fi faayibarii irratti gurmaa’uun fakkeenya ta’uu isaanii himeera. Bulchiinsi magaalichaa bakka hojii fi liqaa isaaniif waan mijeesseef namoota 12’f carraa hojii uumuu isaanii ibseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha
Apr 24, 2026 217
Ebla 16/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa (AI) fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa (Champion) ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha jedhan mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa adde Itsagannat Mangistuu. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamtaa Afriikaatti gaggeessaa hubannoo namtolchee (AI) fi damee fayyaa dijitaalaa ta’uun muudamaniiru. Muudamni kun ministirri muummee hoggansa damee Kanaan agarsiisanii fi Itiyoophiyaan Ardichatti hubannoo namtolchee fi hojiilee kalaqaa babal’isuuf qooda olaanaa bahachaa jirtuuf beekamtii kenname ta’uun ibsameera. Muudamni kun Itiyoophiyaan qajeelfamoota naamusaa teekinooloojii hubannoo namtolchee karaa hordofeen misoomsuun, qo’achuun akkasumas hojiirra oolchuun Afriikaarraa adda duree akka taatu hojiilee hojjetamaniif beekamtii kan kennedha jechuun ibseera inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa. Kun ammoo tumsi ardii kan itti uumamu akkasumas damee kanaaf humna dabalataa akka ta’u inistiitiyuutichi beeksiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa Itsagannat Mangistuu ENA’f akka ibsanitti, muudamni ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddaa kan nama gammachiisuu fi hojii caalaaf kan nama kakaasudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan kan kaleessaa qorattee, haala qabatamaa har’aa hubattee kan boruu ammoo hubannoo namtolcheen (AI) dhaan beekumsarratti hundooftee raaguuf hojiin eegalte beekamtii agarsiisuurratti akka argamu beeksisaniiru. Muudamni Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif kenname bu’aa kaka’umsa mootummaan kalaqaa fi kutannoo teeknooloojiif qabu ta’uu ibsaniiru. Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa kan hundeeffame yeroo gabaaba ta’us bu’aan inni galmeesse bu’aa dhamaatii yeroo har’aa badhaasaaf isa ga’e ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee hubannoo nam-tolcheen biyya Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu kan ishee taasisu, hojiilee qabatamaa hedduu raawwachaa akka jirtu dubbataniiru. Bu’aaleen teeknooloojii dhaabbatichi maddisiisu hedduun, dhaabbileen akka amala isaaniitti fudhatanii hojii irra oolchuu qabu jedhaniiru. Yeroo ammaa dhaabbiileen hubannoo nam-tolcheen deeggaramanii hojjechuun bu’aa argamsiisaa akka jiran dubbataniiru. Manneen murtii keessatti adeemsa dhimmootaa saffisiisuufi bu’a-qabeessummaa fiduu keessatti hubannoon nam-tolcheen gahee olaanaa taphachaa jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Teekinooloojichi nageenyaafi tas-gabbii biyyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jirus itti dabaluun beeksisaniiru. Dura teessuun koree dhaabbataa akka ibsanitti, beekamtii Itiyoophiyaan argatte hojii caaluuf kaka’umsa kan uumu ta’uusaa ibsanii, fuuldurattis hojiilee kalaqaa haaraa dabalaluudhaan imalichi cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA
Naannoo Harariitti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa Faayidaa fudhataniiru
Apr 23, 2026 192
Ebla 15/2018(ENA)- Naannoo Harariitti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa Faayidaa fudhachuusaanii ejensiin galmee siviilii naannichaa ibse. Itti gaafatamaan ejensii galmee siviilii naannoo Hararii fi qindeessaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa naannichaa Saadaam Mahaammad akka ibsanitti, waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa aanaalee magaalaa fi baadiyyaa biraan gahuuf hojjetamaa jira. Baatiiwwan 9 darban namoonni kuma 180 caalan waraqaa eenyummaa kana fudhachuusaanii fi walumaa gala amma ammaatti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa kana fudhachuusaanii eeraniiru. Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa milkaa’ina tiraanisfoormeeshinii dijitaalaaf gumaacha guddaa qaba jechuun ibsaniiru. Keessumaa adda baastuun eenyummaa dijitaalaa dhaabbileen tajaajila si’ataa fi saffisaa akka kennan gargaaruun iftoomaa fi bulchiinsa gaarii buusuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru. Waraqaan eenyummaa kun kanneen tajaajila kennanii fi argatan jidduu wal amantaan akka jiraatu kan gargaaru, hojii dhaabbilee kan qindeessu, sadarkaa nama dhuunfaattis mirga ofii kan eegsisu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Kutaaleen hawaasaa sababoota garagaraan hin galmoofne wiirtuu galmee isaanitti dhihoo jirutti argamuun tajaajila kana akka argatan itti gaafatamaan kun dhaamaniiru.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbiseera
Apr 21, 2026 1302
Ebla13/2018(ENA)፦ Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob" rakkoo malee tajaajila akka argannu nu dandeessiseera jechuun Jiraattonni Magaalaa Miizan Amaan dubbatan. Obbo Mahaammad Huseen eeyyama daldalaasaanii haareffachuuf Gidduugalichatti kan argaman tajaajiloota garaa garaa bakka tokkotti rakkoo malee argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi tuttuqqaa waraqaarraa bilisa ta'uusaa qofa osoo hin taane, saffisaa fi kabaja maamilaa kan eeggate ta'uunsaatti gammaduusaanii dubbataniiru. Kunis kutannoo Mootummaan rakkoo Bulchiinsa gaarii furuu fi deddeebbii uummataa hir’isuuf qabu hojiin mirkaneessuusaa ibsaniiru. Tajaajilamtuun Aadde Ergoyyee Shifarraawu gamasaaniin, giddu-galichatti rakkoo malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila saffisaa argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob keessatti bakka tokkotti yeroo fi maallaqa qusachuun tajaajila saffisaa argachuu danda'uun isaaniin deddeebbiirraa bilisa ta'uusaanii ibsaniiru. Dargaggoo Eliyaas Azannee waraqaa eenyummaa dijitaalaa "Faayidaa" baafachuuf, dhimmoota ji'oota hedduu fudhatan daqiiqaa muraasa keessatti xumurachuu waanda'ameef, teekinoolojicha haala fooyya'een misoomsuun tajaajilicha amanamaa taasisuun akka barbaachisu ibseera. Naannoo Ummattoota Kibba-Lixaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan damee teeknoolojii tajaajila giddu-gala tokkoo Masoob Obbo Ahimad Huseen, giddu-galichatti ji'oota shan keessatti qofa lammiilee kuma 22 ol ta'aniif tajaajila kennuun danda'ameera jedhaniiru. Ragaan qorannoo sirnichaa tajaajilamtoota irraa fudhatame akka mul’isutti, itti quufiinsa maamiltootaa dhibbeentaa 97 tuqaa 8 geessisuun danda'ameera jedhaniiru. Naannichatti lammiileef tajaajila saffisaa fi amanamaa kennuuf sirna dijitaalaayizeeshinii cimaa ijaaruun cimee akka itti fufuu beeksisaniiru. Dhaabbanni tajaajila giddu-gala tokkoo "Masoob" Magaalaa Miizaan Amaan, Dhaabbileen Naannoo fi Federaalaa 9 tajaajiloota isaanii 38 akka kennan ta'ee kan gurmaa'eedha.
Hoj-maata Dijitaalaa Babal’isuun ragaa mirkaneessuu fi gurmeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa
Apr 20, 2026 1360
Ebla 12/2018(ENA)-Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee, hojiin dijitaalaan odeeffannoo mirkaneessuu fi gurmeessuu akka cimu ibsan. Tajaajilli Istaatistikii Itiyoophiyaa, Komishinii Siivil Sarviisii waliin ta'uudhaan, hojii odeeffannoo hojjettoota siivil sarviisii mirkaneessuu irratti mariin hubannoo cimsuu Magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira. Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee wayita sana akka jedhanitti, hojiin dijitaala odeeffannoo siivil sarvaantootaa mirkaneessuu fi gurmeessuu cimee hojjetamaa jira. Siivil Sarviisii Dijitaalaawaa dhugoomsuun faayidaa hedduu qabaachuu ibsuudhaan, odeeffannoo gurmaa'een sirna qabannaa odeeffannoo amansiisaa diriirsuuf saffisaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Naannichi xiyyeeffannoo kennee odeeffannoo hojjettootaa waraqaa eenyummaa Dijitaala (digital ID) waliin hojiin wal-qabsiisuu hojii odeeffannoo dijitaala gochuu (digitize) biyyoolessatti jalqabame ni saffisiisa jedhaniiru. Kanaanis, Odeeffannoo guddisuun Siivil Sarvaantii tajaajila kennu cimsuuf xiyyeeffannoo kennamuusaa ibsaniiru. Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannoo Afaar obbo Mahaammad Ahimad gama isaaniitiin, siivil sarviisii dijitaalaawaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru. Sirna qabannaa odeeffannoo fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuuf gumaacha olaanaa godhachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru. Marii kanarratti Daayireektaroonni Qabeenya Namaa Naannoo Afaar, kan Zoonii fi Aanaa hirmaachaa jiru.
Ispoortii
Maanchistar Yunaayitid Bireentifoordi waliin taphata
Apr 27, 2026 199
Ebla 19/2018 (ENA): Tapha xumuraa torbee 34ffaa Piriimiyerliigii Ingiliiz har'a Maanchistar Yunaayitid fi Bireentifoordi gidduutti taphatama. Taphi gareewwan lamaan gidduutti taasifamu har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Istaadiyeemii Ooldiraafoorditti taphatama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 58’n sadarkaa 3ffaa irra jira. Morkataan isaa Bireentifordi qabxii 48’n sadarkaa 9ffaa irratti argama. Gareen lamaan liigii kanaan yeroo 10ffaaf kan wal arganiidha. Taphoota sagal darbaniin Maanchistar Yunaayitid yeroo shan yoo injifatu, Bireentifoordi ammoo yeroo sadii injifateera. Tapha hafeen qixa bahaniiru. Liigii shanan darban waliin taphatan irratti, lamaan isaanii yeroo lama injifachuun al tokko qixa ba'aniiru. Bireentifordi taphoota liigii lamaan darban Yunaayitid waliin taphateen injifateera. Tapha 33ffaa irratti Cheelsii 1 fi 0’n injifate Maanchistar Yunaayitid taphoota liigii shanan darban yoo injifate carraa Chaampiyoonsi Liigii darbuu ni qabaata. Taphoota liigii shanan darban qixa bahee kan ture Bireentifoordi gara injifannootti deebi'ee Awurooppaa keessatti bakka isaa mirkaneessuuf kan taphatu ta'a. Abbaan murtii ganna 40 Kiriis Kaavaanaag tapha kana abbaa murtii onaanaa ta’uun ni gaggeessu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan irratti 2ffaa bahuun xumureera
Apr 26, 2026 844
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan baay’ee eegamaa tureen sadarkaa lammaffaa ba’eera. Dorgommii Maaraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaate atileet Yoomiif Qajeelchaan sa’aatii 1:59.41’n sadarkaa lammaffaa ba’eera. Atileetiin lammii Keeniyaa Sabestiyaan Saw sadarkaa tokkoffaan yoo xumuru, lammiin Yugaandaa Jaaqoob Kiplimoo immoo 3ffaa bahuun xumureera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan injifatte
Apr 26, 2026 809
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan irratti baay’ee eegamaa ture injifatteetti. Dorgommii Olompikii Paaris meedaaliyaa meetii kan argatte Tigisti Asaffaan dorgommii dubartootaa Maraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo lammataaf walitti aansuun injifatte. Fiigicha kana atileet Tigisti Asaffaan sa’aatii 2:15:41’n injifattee, atileet Keeniyaa Helen Obiriin lammaffaa, atileetiin Keeniyaa kan biraa Joyseliyin Jepkosgi ammoo sadaffaan xumurteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Maraatoonii Landan irratti atileetotni Itiyoophiyaa ni eegamu
Apr 26, 2026 186
Ebla 18/2018 (ENA): Maraatooniin Landan 46ffaan har’a ni gaggeeffama. Atileetonni Itiyoophiyaa koorrniyaa lamaaniinuu injifannoodhaaf atileetota addunyaa ciccimoo ta’an waliin wal dorgomu. Maraatoonii Landan bara darbee kan injifatte Tagisti Asaffaa dorgommii dubartootaa kana ni injifatti jedhamee eegama. Atileet Tagisti Maraatoonii Landan bara 2025 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 50’n dubartoota qofaa(women – only) riikardii addunyaa cabsite. Atileetiin kun dorgommii kanaaf qophii barbaachisu kan taasifte ta’uu eeruun, riikardii mataa ishee cabsuuf akka fiigdu dubbatteetti. Tagist kabaja ishee eegsisuuf cimtee dorgomti. Atileetonni Keeniyaa Helen Obirii fi Joyisiliin Jepikoskey dorgommii kana irratti ni eegamu. Dorgommii Maaraatoonii Landan irratti ni hirmaatu jedhamee eegamaa kan ture lammii Nezerlaand Siifan Hasanii fi lammii Keeniyaa Peres Jepchirchir sababa miidhaan irra gaheen hin hirmaatani. Dubartoota Itiyoophiyaa dorgommii kana irratti hirmaatan keessaa Balamlay Shumat, Magartuu Alamuu fi Daggituu Azmaraaw kanneen eeramanidha. Atileetii dhiirotaan atileet Taammiraat Tolaa yeroo jalqabaaf dorgommii kana irratti ni dorgoma. Atileet Taammiraat dorgommii Olompikii 33ffaa Paarisitti gaggeeffameen dorgommii maaraatooniin meedaaliyaa warqee injifateera. Sa'aatii maaraatoonii saffisaan addunyaa irratti sadarkaa 9ffaa kan qabu Deresaa Galataa tam dorgommii kanarrattis ni hirmaata jedhamee eegama. Yoomiif Qajeelchaa fi Haagos Gabrahiwot atileetota dorgommii kana irratti hirmaatan keessaa tokkodha. Atileetiin Keeniyaa Sabaastiyaan Sawee, bara darbe Maraatoonii Landan injifate, atileetota Itiyoophiyaaf dorgomaa cimaa ta'a jedhamee eegama. Lammiileen Yugaandaa Joshuwa Cheptegay fi Jakob Kiplimo dorgomtoota biroo eegamanidha. Maraatooniin Landan kan maaraatoonii gurguddoo addunyaa keessaa tokko yoo ta’u, bara kana hirmaattonni kuma 59 ol ni hirmaachisa jedhamee eegama. Atileetonni koorniyaa lamaaniinuu yoo injifatan badhaasa maallaqaa doolaara kuma 55 ni argatu. Kana malees atileetonni dhiirotaaf sa'aatii 2 daqiiqaa 2, dubartootaaf sa'aatii 2 daqiiqaa 15 gadi xumuran bonasii doolaara kuma 150 ni argatu. Walumaagalatti doolaara miiliyoona 1.2 ol atileetota kanaaf ni kennama. Maraatoonii Landan bara 1981 kan eegale fiigicha Waldaa Atileetiksii Addunyaatiin sadarkaa pilaatiinimii argate yoo ta'u, dorgommii daandii irratti addunyaa irratti isa guddaa taasiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 254
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan. Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 182
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan. Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaa, akka biyya keessummeessituu COP32tti
Apr 17, 2026 789
Koree Biyyaalessaa ifatti hundeessuun qophii ishee eegalteetti. Adeemsa kana kaayyoo ifa ta’ee fi mul’ata guddaa qabatanii akka hoogganan hoggansa ijoo muudnee jirra. Kana hordofuun caasaan Pirezidaantummaa COP hojiiwwan dursa kennuuf qindoominaa fi bu’a qabeessa ta’an jalqabeera. Walgahii har'a Koree Biyyaalessaa waliin taasifneen, hojiiwwan hanga ammaatti dameewwan adda addaatiin hojjetaman gamaaggamuun, qaawwa jiru adda baasuun, carraaqqiin keenya hundi mul’ata biyyaalessaa keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu fi dhiisuu isaa qoratameera. Gamaaggama bira darbee gara fuulduraatti kallattii waloo kaa'annee jirra. Xiyyeeffannaan keenya ifaadha; sagantaa idil-addunyaa kana tumsa cimaa, mul’ata tokkummaafi kutannoo walootiin olaantummaadhaan keessummeessuun guddummaa biyyattii agarsiisuufidha. Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Harariitti sagantaa Ashaaraa magariisaaf qophiin taasifamaa jira
Apr 15, 2026 326
Eebila 07/2018 (ENA): Sagantaa AShaaraa Magariisaa bara kanaatiif qophiin biqiltuu hedduumminaan gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Misooma Qonnaa Naannoo Hararii beeksise. Naannichatti hojiiwwan Ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojiin qophii biqiltuu fi bakka dhaabbii biqiltuu mijeessuun gaggeeffamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Naannichaatti, Daarektarri Misooma itti fayyadamaa fi eegumsa qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f ibsaniiru. Biqiltuuwwan kunneenis giddu-gala biqiltuu mootummaa fi qonnaan bultootaan kan qophaa’aa jiran yoo ta’u, kanaanis dhibbeentaa 70 kan ta’an biqiltuuwwan firiin isaanii nyaatamu ta’uu isaanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan hafan immoo mukeen biyyaalessaa, kan nyaata beeyladaa fi fayyidaa bosonaaf oolan ta’uu isaanii obbo Araarsoon ibsaniiru. Biqiltuuwwan akka Appilii, Maangoo fi Avokaadoon Faayidaa dachaa qaban, kilaastaraan kan dhaabaman ta’uu eeraniiru. Naannichatti baatii Gannaa keessa biqiltuuwwan lafa naannoo hektaara 1,000 irratti dhaabuuf karoorri qabamuun ibsameera.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2721
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10874
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.