ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaa badhaate, birmadummaa dijitaalaashee eegatte, kalaqaa fi teeknooloojiin ga’oomte
Dec 30, 2025 9
Itiyoophiyaa badhaate, birmadummaa dijitaalaashee eegatte, kalaqaa fi teeknooloojiin ga’oomte Galmoota mootummaan badhaadhina mirkaneessuuf murteessoodha jechuun karoorse keessaa Dijiitaalla Itiyoophiyaa Ijaaruun dhimmoota xiyyeeffannoon kennameefidha. Carraa Itiyoophiyaa fuulduraa guddina kalaqaa fi teekinooloojii irratti ijaaruuf Tarsiimoo Diinagdee dijiitaalaa qulqullina qabuu fi yeroo waliin tarkaanfatu dinagdee hirmaachisaa ijaaruu kan dandeessisu bu’aan argamaa jira. Akkuma beekamu galma kana milkeessuuf Mootummaan tarsiimoo Dijiitaalaa 2025n bocee gara hojiitti galee ture. Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 kallattii hundaan bu’aan ajaa’ibsiisaan kan itti galmaa’e yoo ta’u, Tarsiimichi ergamasaa milkaa’inaan xumuree Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f dabarsee kenneera. Dijiitaala 2025 gabaa teeleekoomii banuu fi babal’isuun dhaqqabamummaa tajaajila Intarneetaa fi mobaayilaa guddisuun akka danda’au taasiseera. Pirojektiin enyummeessaa Dijiitaalaa Biyyoolessaa (Fayida) nageenyisaa eegame Itiyoophiyaanota hundaan gahuuf hojjetame, tajaajiloonni bulchiinsa dujutaalaa, tajaajilli dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila ammayyaa fi si’ataa gama qaqqabsiisuutiin tarkaanfiin guddaan kan itti argamedha. Kan biroon Sagantaa Koodarsii Miiliyoona 5nii dandeettii Dijiitaalii babal’isuurratti bu’aan boonsaan argameera. Dabalatais Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundaa’uun, bu’uuraalee misoomaa Hawaasaa (PKI) eegalamuu, Faayibarii Intarneetaa 4G/5G babal’isuu, gurgurtaa faayinaansii Dijiitaalaa kanneen fakkaatan hundi agarsiistuu milkaa’ina ergama Dijiitaala 2025 ti. Kana ka’umsa godhachuun mootummaan Tarsiimoo Dijiitaalaa 2030 bocee hojirra oolchuu eegaleera. Tarsiimoon kun birmadummaa Djiitaalaa kan eege, Itiyoophiyaa Kalaqaa fi Teekinooloojiin hundoofte uumuuf tarsiimoo deeggaru yoo ta’u, Tarsiimichi teekinooloojii Mala Jireenyaa gochuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha. Utubaawwan Tarsiimichaa jedhamanii kan eeraman keessaa - 1. Dhaqqabamummaa babal’isuu- garagarummaa Dijiitaalaa magalaa fi baadiyaa gidduu jiru dhiphisuun lammiileen bakka kamittuu fayydamoo teekinooloojii akka ta’an gochuu. 2. Carraa wal-qixa uumuu - Lammiileen Diinagdee Dijiitalaa keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa wal-qixaa akka qabaatan haala mijataa uumuu. 3. Wal amantaa ijaaruu - dhaabbilee fi lammiilee gidduutti nageenyaa saayibarii fi eegumsa Daataa mirkaneessuun sirna Dijiitaalaa nageenyisaa eegame ijaaruun keessatti argama. Akkasumas Tarsiimoon kun Itiyoophiyaan Diinagdee dijiitaalaa Addunyaa Keessatti dorgommii qabdu kan itti mirkaneessituu fi tajaajiloonni mootummaa ifaan lammiileef karaa itti dhiyaatan kan mijeessudha. Kanarra darbees tarsiimichi gama qonnaan, Meeshaalee Dijiitalaa Ammayaa hammachiisuun, omishtummaa fi qulqullina tajajilaa guddisuu, faayinaansii fi barnootaan, hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneesuu fi yaadama kalaqa dijiitaalaa dhaloota boruu idileessuu, carraa hojii uumuu, dargaggoota kalqxoota hojii dijiitaalaaf haala mijataa uumuun dandeettii kalaqasaanii gara sona dinagdeetti akka jijjiiran dandeessisuuf faayida qaba. Itiyoophiyaa bakkeewwan hawata Tuuristii filannoowwan dijiitaalaan Addunyaaf beeksisuun galii sharafa alaa guddisuun galma tarsoomoo kanaa isa biroodha. Dijiitaalli Itioophiyaa 2030 appilikeeshinoota qabeenya uumaani fi dandeettii dijiitaalaa sadarka olaanaan guddisuun hirmaachisummaa faayinaansii karaa teekinooloojiin dijiitaalaa mirkaneessuu fi lammiileen sochii Diinagdee biyyaa keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan dandeessisuuf ergama qaba. Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa
Godina Shawaa Bahaatti lafti heektaara kuma 266 qamadii jallisii Bonaan misoomeera
Dec 30, 2025 10
Mudde 21/2018(ENA)- Lafti jallisii Bonaan misoomu heektaarri kuma 266 Qamadii facaafamuu Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Bahaa beeksise. Waajjirichatti itti aanaan hogganaa Abinnat Zagayyee ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, godinicha aanaalee 11 keessatti jallisii Bonee baranaan lafa heektaara kuma 250 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa turuu ibsaniiru. Hojiiwwan hanga ammaatti hojjetamaniin lafti heektaara kuma 266 fi 700 sanyiin kan facaafame ta’uu ibsuun, karooraan ol hojjechuu danda’uu ibsaniiru. Misoomni kun karooraan ol ta’uu kan danda’eef, qonnaan bultoonni jallisii Bonee misooma qamadii irraa fayyadamoo akka ta’an waan amananiif ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinicha keessa jiran irra caalaan isaanii lafti tiraaktaraan deeggaramuun kilastaraan kan qotame yoo ta’u, kunuunsa midhaaniif xiyyeeffannoon dursee kennamuu ibsaniiru. Misoomni jallisii Bonaa kun bishaan lafa jalaa fi bishaan dirra lafaa fayyadamuun kan misoomaa jiru yoo ta’u, dabalataan misoomni kun pirojaktoota jallisii ammayyaa fayyadamuun irra jireessa bishaan laga Hawaas aanaalee torba keessa qaxxaamuree darbu jallisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Misoomni qamadii Bonaa aanaalee fi gandoota godinichaa hunda keessatti hojiirra ooluu ibsuun, dargaggootaa fi dubartoota dabalatee qonnaan bultoonni kuma 120 ol misooma kanarratti hirmaachaa akka jiran yaadachiisaniiru. Walumaagalatti lafa qamadii Bonee jallisiin misoome irraa oomishni waliigalaa kuntaalli miiliyoona 13 akka eegamu obbo Abinnat ibsaniiru. Hogganaan Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa godina Shawaa Bahaa Asraat Geetuu akka jedhanitti, qamadii dabalatee kuduraalee fi muduraalee yeroo Bonaa jallisiin misoomsamaniif xaa’oon kuntaala kuma 133 fi 457 qonnaan bultoota godinichaaf raabsameera.
Fooramiin Biizinasii Afrikaa magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama
Dec 30, 2025 12
Mudde 21/2018(ENA)- Fooramiin Biizinasii Afrikaa 9ffaan Guraandhala 9 fi 10 2018 magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Komishiniin Biizinasii Afrikaa (ECA), Komishinii Gamtaa Afrikaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun saganticha ni qopheessa. Waltajjiin kun Walgahii Gamtaa Afrikaa 39ffaa baatii Guraandhalaa keessa magaalaa Finfineetti gaggeeffamu waliin kan adeemsifamu ta’a. “Egeree Afrikaa faayinaansiin deeggaruu; hojii fi kalaqni tiraanisfoormeeshinii fulla’aaf” kan jedhu mata duree fooramiin ittiin adeemsifamuuti. Fooramiin Biizinasii Afrikaa waltajjii marii Ardii sadarkaa olaanaa waggaa waggaan gaggeeffamu yoo ta’u, dhimmoota misoomaa fi guddina dinagdee Afrikaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoo ENAn, ECA irraa argate ni mul’isa. Fooramiin Ardii kuni hoggntoota Afrikaa, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee dhuunfaa fi michoota misoomaa kan walitti fidudha. Waltajjiin kun karaalee walta’insaa fi invastimantii guddisuun danda’amu irratti kan mari’atamu yoo ta’u, keessumaa faayinaansii mootummaa fi dhuunfaa dabalatee filannoowwan faayinaansii adda addaa babal’isuun karaa danda’amu irratti kan mari’atamu ta’a jedhameera. Carraa hojii, sirni kalaqaa mijataa fi dandeettii kalaqaa Afrikaa guutummaan guutuutti itti fayyadamuun ajandaa waltajjii kana irratti mari’atamu keessaa kan eeramani dha. Keessattuu industirii dijitaalaa, intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa akkasumas damee kalaqaa Afrikaa babal’achaa jiruuf xiyyeeffannoon kennameera. Fooramicha irratti inisheetivoonnii fi hammattoowwan adda addaa ni dhiyaatu. Kalaqa dargaggootaa dhaqqabamummaa faayinaansii waliin kan walitti hidhu bu’uurri dandeettii fi Tiraanisfoormeeshinii Dargaggoota Afrikaa ni ifooma. Sirni hordoffii fi to’annoo raawwii waadaa faayinaansii damee mootummaa fi dhuunfaa ECAn qophaa’es waltajjii kana irratti ifoomee hojiirra oola jedhameera. Fooramiin Biizinasii Afrikaa Galmoota Misooma itti fufiinsa qabuu fi galmoota Ajandaa 2063 keessatti kaa’aman galmaan ga’uuf gahee tarsiimoo isaa ba’aa jiraachuu ibsameera.
Qormaanni Xumuraa Manneen Barnootaa Sadarkaa Gidduugaleessaa Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu haala dandeessisuun akka qophaa’uu ta’aa jira
Dec 29, 2025 197
Mudde 20/2018(ENA)- Qormaanni Xumuraa Manneen Barnootaa Sadarkaa Gidduugaleessaa sirna barnootaa kan bu’uureffatee fi haala qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda’uun akka qophaa’u ta’aa jiraachuu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa ibse. Waltajjiin marii xumura barnoota sadarkaa gidduugaleessaa fi istaandardii qormaataa kutaa 8ffaa eegsisuurratti xiyyeeffate bakka bu’oonni Biiroo Barnootaa Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa bakka argamanitti Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olanaan Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa doktar Asheetuu Kabbadaa qulqullina barnootaa eegsisuuf hojiiwwan deeggaran keessaa tokko qormaata sadarkaasaa eeggate kennuudha jedhaniiru. Tajaajilichi qormaata sadarkaa sadarkaan kennaman Sirna Barnootaa kan bu’uureffatanii fi qulqullina barnootaa mirkaneessuu kan dandeessisan akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis xumura qormaata sadarkaa gidduugaleessaa fi qormaanni kutaa 8ffaa haala qulqullina eegsisuu danda’amu irratti akka qophaa’u taassifamaa jira jedhaniiru. Keessumaa qormaanni kennamuun dura gaaffiiwwan qormaataa qophaa’an madaaluun hoggantoota damee barnootaa fi ogeeyyiirraa kan eegamu ta’uu himaniiru. Qulqullinnii fi Madaalliin Qormaataa dhimmoota xiyyeeffannoon itti kennamu keessa tokko ta’uu ibsuun, tajaajilichi deeggarsaa fi hordoffii taassisa jedhaniiru. Qophichaan teekinooloojii fayyadamuun qulqullinaa fi madaalliin akka eegamu kan taassifamu yoo ta’u , itti fayyadama teekinoloojiin hanqinoota jiran guutuun akka eegalu hubachiisaniiru. Waltajjiin har’aa qormaata Naannolee kutaa 8ffaa irratti hanqinoota jiran adda baasuun, qophii walfakkaataa ta’e taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu itti aanaan daarektaara olaanaa obbo Yiliqaal Wandimmenahi ibsaniiru. Naannooleen qulqullina qormaataa mataasaaniin eegsisuuf teekinooloojiin, hoj maataa fi gurmaa’insaan hojii hojjetani muuxannoo kan walirraa qooddatanidha jedhaniiru. Waltajjichi qormaata qopheessuuf , madaaluu humna dandeessisu ijaaruuf kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.
Tooftaalee Ittisaa fi To’annoo Dhibee Daddarbaa Vaayirasii Maarbargii
Dec 29, 2025 113
Dhibeen vaayirasii Maarbargi maalidha? Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhibee weeraraan mudachuu danda’uu fi dhibee dhiigni dhangala’uun mudatu ta’ee qamni baay’ee ho’u dha. Dhala namaa, beeyladootaa fi lubbu qabeeyyii biroorrattis mudachuu mala Mallattooleen dhibee vaayirasii Maarbargi maali? Afaan, funyaan ykn gogaa keessaa dhiigni dhangala’uu Ho’ina qaamaa olaanaa, qorrisiisuu fi mataa boowwuu Dhukkubbii maashaalee fi dugdaa Olguuruu, dhukkubbii garaa fi garaa kaasaa Laphee, dugdaa fi garaa irratti dhidhiitoo sirriitti mul’atu Vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota 2 hanga 9 gidduutti mallattooleen dhibichaa mul’achuu eegalu Dhibeen Maarbargi karaa akkamiin daddarba? Namoota dhibee vaayirasichaan qabaman dhiiga, fincaan, imimmaanii fi dhangala’oo biroo waliin tuttuqqaa kallattii taasisuun Nama dhibee kanaan qabamee ykn lubbuun darbe dhangala’oo qaamaan meeshaalee faalaman waliin tuttuqqaa qabaachuu Simbira halkanii dhibee vaayirasichaan qabamaniin daddarbuu danda’a Dhibee vaayirasii Maarbargi akkamiin ittisuun danda’ama? Mallattoolee dhibee kanaa yeroo argan mana yaalaa deemuu Nama dhibee sanaan qabame waliin tuttuqqaa fi ho’i qaamaa yoo jiraate dafanii mana yaalaa dhaquu Namni dhibee Maarbargiin yoo lubbuun darbe, reeffa sana ogeessa fayyaan awwaalchisuudha malee ofii tuttuquun barbaachisaa miti Nama dhibee sanaan qabame dhiigaa fi dhangala’oo isaa irraa of eeguu Nama dhukkuba Maarbargiin qabameef kunuunsa gaafa goonu, of eeggannoo barbaachisu gochuun barbaachisaadha. Haguuggii funyaanii fi afaanii (maaskii) kaawwachuu, harka ofiitti immoo golga harkaa godhachuun barbaachisaadha.
Siyaasa
Gareen ‘Tihinag’ hojii deebisanii dhaabuu gufachiisuun buqqaatota siyaasaaf itti fayyadamaa jira- Paartii Dimookiraatawaa Simirriit.
Dec 28, 2025 284
Mudde 19/2018(ENA) - Gareen Tihinag hojii deebisanii dhaabuu gufachiisuun buqqaatota siyaasaaf itti fayyadamaa jira jedhe Paartiin Dimookiraatawaa Simirriit. Garee isaa seeraan alaa qindeessuun deeggarsi namoomaa akka buqqaatota hin qaqqabne taasisaa jira jedhe. Miseensa Mana Maree fi Damee Miidiyaa fi Komunikeeshinii Paartii Dimokiraatawaa Simirriit kan ta’an obbo Xa’aamee Araddoom ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti gareen seeraan alaa naannoo Tigraay keessa socho’aa jiru buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gufuu ta’eera. Gareen seeraan alaa kunneen buqqaatota doorsisuun rakkoo fi beela keessa isaan galcheera jedhani. Dabalataaniis gareen seeraan alaa kuni deeggarsa lammiilee buqqaatotaaf ergamu saamuun ofiif oolchachuun, namoota mirga isaanii gaafatan immoo sodaachisuun miidhaaf isaan saaaxilaa jira jedhaniiru. Yeroo ammaa kanatti naannoo Tigraay keessumaa dahannoo buqqaatotaa keessatti rakkoo hammaataa gahaa jiruuf garee seeraan alaa kanatu sababa ta’eera jedhani. Gareen seeraan alaa kun rakkoo, du'aa fi hammeenya buqqaatotaa itti fufsiisaa jira waan ta’eef; keessumattuu qaamonni adda addaa gargaarsi namoomaa fi dhiheessiin naannicha seenu kallattiin fayyadamtoota bira akka gahu taasisuu akka qaban hubachiisaniiru obbo Xa’aameen. Gareen seeraan alaa kuni siyaasa hamaa isaa adeemsifachuuf hammeenya gara jabeenyaan raawwatu, rakkoon hawaasa Tigraay akka itti fufu taasisaa jira jedhaniiru.
Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyoolessaa uumuuf carraa gaarii dha.
Dec 28, 2025 207
Mudde 19/2018(ENA) -Itiyoophiyaatti waliigaltee biyyoolessaa galmaan ga’uuf lammiileen hundi Marii Biyyoolessaa dhiyaate carraa gaarii kana fayyadamuu akka qaban Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii ibseera. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ajandaa qindeessuun, hojiiwwan galteewwan ajandichaaf ta’an walitti qabuun Yaa’ii Marii Biyyaalessaa walii galaaf kan ta’u qophaa’aa jiraachuu ibsuun isaa kan yaadatamudha. Pireezidaantiin Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Ahimad Huseen akka jedhanitti, lammiileen Itiyoophiyaa waliin marii taasisuun ajandaa waloo irratti waliigaltee irra gahuu dadhabuun biyyattiin gatii kaffalaa turte. Kanaaf dur biyyattiin ittiin rakkachaa kan turte yeroo ammaa ajandaa biyyaalessaa walitti qabuun,walii galtee biyyaalessaaf shoora olaanaa qaba waan ta’eef carraa gaarii ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa olaantummaa yaada irratti hundaa’e gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa cimsu Itiyoophiyaa keessatti sirna dimokiraasii guddatee fi haala siyaasaa hunda hirmaachise uumuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru. Adeemsi Marii Biyyaalessaa hirmaachisaa, hunda kan hammate, amanamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf, adeemsa marii duraa gaggeeffameef deeggarsa gaarii taasisaa akka jiranis eeraniiru. Hundeessituu fi daayreektarri dhaabbata ‘Tarkaanfii Sasteenabil Divilopmantii’ Warqinash Beegii akka jedhanitti adeemsa ajandaa walitti qabuu fi adda baasuu keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsa Marii Biyyoolessaa keessatti dubartoonni dammaqinaan hirmaachuu, ajandaa walitti qabuu fi adeemsa marii irratti hirmaachuu, ajandaa waliigaltee biyyaalessaa barbaadu komishinichaaf dhiyeessuu ibsaniiru. Barreessaan ‘Alliyaansii Biiweeldiingii Yuuz Piis Waayibuuntuu’ Siisay Taarraqanyi akka jedhanitti, Marii Biyyaalessaa ajandaa adda baasuufi hirmaattota adda baasuu hojiileen hirmaannaa dargaggootaa cimsuu danda’u hojjetamaa jira. Gara fuula duraatti, milkaa’ina yaa’ii Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa guddichaatiif deeggarsa barbaachisu hunda akka itti fufanis mirkaneessaniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo waliin mari’atan
Dec 23, 2025 721
Mudde 14/2018(ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo waliin har’a magaalaa Finfinneetti mari’ataniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo guyyaa tokkoof gara Itiyoophiyaa daawwannaa hojiif dhufan simachuu ibsaniiru. Daawwannichis hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii fi obbolummaa kan ibsu ta’uu eeraniiru. Marii gamlameetiinis, hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsu, akkasumas dhimmoota Gaanfa Afrikaatti nageenyaa fi tasgabbii buusuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru. Kun nagaa fi tasgabbii, akkasumas furmaata Afrikaan durfamuuf kutannoo waloo qabnu kan agarsiisu ture jedhan Ministirri Muummee ergaa isaaniin.
Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaase
Dec 23, 2025 466
Mudde 14/2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaaseera. Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee 5ffaa bara hojii 5ffaan gaggeesseera. Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo wixineen labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi Kuwaaraantaayinii oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Wixineen labsii kun ilbiisa biqiltuu midhaanirratti uumamu sirna hojmaataa dursanii ittisuu diriirsuudhaan qisaasa midhanii hir’isuun oomishtummaa midhaanii dabaluudhaan oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee gamasaaniin, Itiyoophiyaan bqiltuu fi lubbu qabeeyyii hedduu qabaattus hammattoo seeraa qabeenya uumamaa qabdu sirnaan itti fayyadamuuf gargaaru hin qabdu ture. Kunis hmmattichi boodatti hafaa fi to’annoof mijataa waan hin taaneef labsii kana fooyyessuun barbaachisuunsaa ibsameera. Wixineen labsii kun dhiibbaa sababa ilbiisaa fi aramaa biqiltuurratti mudatuun oomishtummaa qonnaarratti qaqqabu sirna to’annoo cimaatiin ittisuuf akka gargaaru himaniiru. Wixineen labsii eegumsa biqiltuu fi kuwaaraantaayinii kun waliigalteewwan eegumsa biqiltuu idil addunyaa ka’umsa godhachuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Wixineen labsii kun Itiyoophiyaan qabeenya biqiltuu qabduuf kunuunsa barbaachisu gochuun fayyadama dinagdee guddisuuf dandeettii uumuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensonni mana maree wixinee labsii kanarratti yaada kennuun sagalee guutuun raggaaseera. #ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan
Dec 23, 2025 390
Mudde 14/2018 (TOI)- Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojiif har’a Finfinnee dhufaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojii guyyaa tokkoof Finfinnee dhufan simachuusaanii waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin wal quunnamtu turte gaafachuun ishee kan seerri deeggarudha- Hayyoota
Dec 23, 2025 553
Mudde 14/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin ittiin wal quunnamtu turte gaafachuun kan seerri deeggaru ta’uu hayyoonni hubachiisani. Hayyoonni ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii dhalootaa waan ta’eef ciminaan itti fufamuu kan qabu dha. Yunivarsiitii Asoosaatti diinii fi Qorataan Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa doktar Abbabaa Aannoo akka jedhanitti; Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kanaan dura biyyoota addunyaa waliin walqunnamtu akka qabaattu gaaffiin gaafattu dhimma bu’uuraa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba. Kanaan dura ulaa galaanaa isheen biyyoota alaa waliin daldalaan, daawwannaan akkasumas hojiilee birootiin hariiroo cimaa qabdu turte eeruun, kanas seenaan ragaa ta’uu himaniiru. Haata’u malee waggoota 30 as ulaa galaanaa ishee shira siyaasaan dhabuun kan nama gaabbisiisuu fi gaddisiisu dha jedhan. Ulaa galaanaa ishee dhabdee osoo jirtuu akka waan homtuu hin’uumamneetti callisuun sirrii akka hin taane ibsuun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu itti amanamee ifaajii dhaloota ammaatiin tattaaffiin jalqabame murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya aadaa fi uummata guddoo qabdu akka isheen ulaa galaanaa hin qabaanne seerri dhorku hin jiru kan jedhani immoo Yunivarsiitii Yuniitiitti Barsiisaa Hooggansaa fi Hariiroo Idil Addunyaa doktar Geetiyyee Tirfeedha. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gaaffiin kuni seeraanis, seenaanis akkasumas uumama haala teessuma lafaanii fi seera idil addunyaatiinis fudhatama kan qabu ta’uu dubbatan. Yunivarsiistii Wachaamootti barsiissaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Mulu’alam H/Maariyaam gama isaaniin ulaan galaanaa bu’aalee hedduu qabu gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu murteessaa dha jedhan. Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa, qorataa siyaasaa Afrikaa Bahaa fi barreessaa Daawit Masgabee gama isaaniin sababni Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee dhabdeef shira akka ta'es dubbatan. Ulaan galaanaa nageenya riijinichaa fi hariiroo hawaasaa cimsuuf shoora olaanaa waan qabuuf milkaa’ina isaaf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhan.
Ergamaa fi dirqamoota biyyoolessaa nutti kenname gootummaan bahachuuf qophiidha- Eebbifamamtoota Miseensota Komaandoo Addaa
Dec 22, 2025 509
Mudde 13/2018(ENA)- Nageenya biyyaa fi ummataa eegsisuuf dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaan bahachuuf qophii ta’uu isaanii ibsan Miseensonni koomaandoo addaa eebbifaman. Poolisiin Itiyoophiyaa seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf miseensota humna komaandoo addaa kan akkaadaamii Poolisii Giddugala Leenjii Awaashitti leenji’an Kaleessa, bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti eebbiseera. Humni Komaandoo Addaa kun beekumsaa fi gootummaadhaan oppereeshiniiwwan akka raawwatus himameera. Miseensonni eebbifamtoota komaandoo addaa biyyaa fiuummata isaanii gootummaanii fi namummaadhaan tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Konistaabil Miikiyaas Gabayyoo,konistaabil Mirtinash Takkaa fi konistaabil Abdii Tafarraa yaada isaanii ENAf kennaniin, leenjiin fudhatan leenjii jabeenya qaamaa qofa osoo hin taanee kan bilchina sammuu fi ogummaa oppereeshinii ta’uu dubbataniiru. Haaluma kanaan ergama biyyaalessaa kamiyyuu gootummaan hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Leenjiin kunis ergama biraaf kan nama qopheessu ta’uu dubbataniiru. Biyyaa fi ummata badii kamirraayyuu eeguuf hanga wareegama lubbuutti qophii ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni kunneen dargaggoonni Itiyoophiyaa kaanis fakkeenya isaanii hordofuun biyya isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru. Eebbifamtoonni kunneen kutaalee biyyattii hundarraa kan walitti dhufan waan ta’eef, yeroon leenjiirra turan, yeroo tokkummaa Itiyoophiyaa qabatamaan itti argan ta’uu himaniiru.
Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an marii ummataatiin kaafamaniiru-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Dec 21, 2025 534
Mudde 12/2018 (TOI)- Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an waltajjii ummataa magaalaa Miizaan Amaanitti gaggeeffamerratti bal’inaan kaafamuusaanii hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama. Mariiwwan ummataa gaggeeffaman ilaalchisuun hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo Biroon ibsa kennaniiru. Hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana marii ummataa naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa magaalaa Miizan Amaanitti taa’ame gaggeessuusaanii dubbataniiru. Namoonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa dhufan dargaggoonni, dubartoonni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonnii fi hojjettoonni mootummaa marii cimaa taasisuusaanii ibsaniiru. Hirmaattonni kunneen hojiiwwan hojjetaman dinqisiifachuusaanii fi wantoota sirraa’uu qabanis kaasuusaanii eeraniiru. Labsiiwwan Gubaa dabalatee dhimma ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa akka mikaa’an yaada bal’aa kaasuusaanii dubbataniiru. Yaadonni kaafaman kunneen ammoo gaabbii fi kaka’umsa caalu kan uuman waan ta’eef, hojiilee fuuldura akka biyyaatti hojjetamaniif galaa fi humna waan ta’aniif galtee ta’uun fudhatamu jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI

Hawaasummaa
Qormaanni Xumuraa Manneen Barnootaa Sadarkaa Gidduugaleessaa Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu haala dandeessisuun akka qophaa’uu ta’aa jira
Dec 29, 2025 197
Mudde 20/2018(ENA)- Qormaanni Xumuraa Manneen Barnootaa Sadarkaa Gidduugaleessaa sirna barnootaa kan bu’uureffatee fi haala qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda’uun akka qophaa’u ta’aa jiraachuu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa ibse. Waltajjiin marii xumura barnoota sadarkaa gidduugaleessaa fi istaandardii qormaataa kutaa 8ffaa eegsisuurratti xiyyeeffate bakka bu’oonni Biiroo Barnootaa Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa bakka argamanitti Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olanaan Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa doktar Asheetuu Kabbadaa qulqullina barnootaa eegsisuuf hojiiwwan deeggaran keessaa tokko qormaata sadarkaasaa eeggate kennuudha jedhaniiru. Tajaajilichi qormaata sadarkaa sadarkaan kennaman Sirna Barnootaa kan bu’uureffatanii fi qulqullina barnootaa mirkaneessuu kan dandeessisan akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis xumura qormaata sadarkaa gidduugaleessaa fi qormaanni kutaa 8ffaa haala qulqullina eegsisuu danda’amu irratti akka qophaa’u taassifamaa jira jedhaniiru. Keessumaa qormaanni kennamuun dura gaaffiiwwan qormaataa qophaa’an madaaluun hoggantoota damee barnootaa fi ogeeyyiirraa kan eegamu ta’uu himaniiru. Qulqullinnii fi Madaalliin Qormaataa dhimmoota xiyyeeffannoon itti kennamu keessa tokko ta’uu ibsuun, tajaajilichi deeggarsaa fi hordoffii taassisa jedhaniiru. Qophichaan teekinooloojii fayyadamuun qulqullinaa fi madaalliin akka eegamu kan taassifamu yoo ta’u , itti fayyadama teekinoloojiin hanqinoota jiran guutuun akka eegalu hubachiisaniiru. Waltajjiin har’aa qormaata Naannolee kutaa 8ffaa irratti hanqinoota jiran adda baasuun, qophii walfakkaataa ta’e taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu itti aanaan daarektaara olaanaa obbo Yiliqaal Wandimmenahi ibsaniiru. Naannooleen qulqullina qormaataa mataasaaniin eegsisuuf teekinooloojiin, hoj maataa fi gurmaa’insaan hojii hojjetani muuxannoo kan walirraa qooddatanidha jedhaniiru. Waltajjichi qormaata qopheessuuf , madaaluu humna dandeessisu ijaaruuf kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.
Tooftaalee Ittisaa fi To’annoo Dhibee Daddarbaa Vaayirasii Maarbargii
Dec 29, 2025 113
Dhibeen vaayirasii Maarbargi maalidha? Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhibee weeraraan mudachuu danda’uu fi dhibee dhiigni dhangala’uun mudatu ta’ee qamni baay’ee ho’u dha. Dhala namaa, beeyladootaa fi lubbu qabeeyyii biroorrattis mudachuu mala Mallattooleen dhibee vaayirasii Maarbargi maali? Afaan, funyaan ykn gogaa keessaa dhiigni dhangala’uu Ho’ina qaamaa olaanaa, qorrisiisuu fi mataa boowwuu Dhukkubbii maashaalee fi dugdaa Olguuruu, dhukkubbii garaa fi garaa kaasaa Laphee, dugdaa fi garaa irratti dhidhiitoo sirriitti mul’atu Vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota 2 hanga 9 gidduutti mallattooleen dhibichaa mul’achuu eegalu Dhibeen Maarbargi karaa akkamiin daddarba? Namoota dhibee vaayirasichaan qabaman dhiiga, fincaan, imimmaanii fi dhangala’oo biroo waliin tuttuqqaa kallattii taasisuun Nama dhibee kanaan qabamee ykn lubbuun darbe dhangala’oo qaamaan meeshaalee faalaman waliin tuttuqqaa qabaachuu Simbira halkanii dhibee vaayirasichaan qabamaniin daddarbuu danda’a Dhibee vaayirasii Maarbargi akkamiin ittisuun danda’ama? Mallattoolee dhibee kanaa yeroo argan mana yaalaa deemuu Nama dhibee sanaan qabame waliin tuttuqqaa fi ho’i qaamaa yoo jiraate dafanii mana yaalaa dhaquu Namni dhibee Maarbargiin yoo lubbuun darbe, reeffa sana ogeessa fayyaan awwaalchisuudha malee ofii tuttuquun barbaachisaa miti Nama dhibee sanaan qabame dhiigaa fi dhangala’oo isaa irraa of eeguu Nama dhukkuba Maarbargiin qabameef kunuunsa gaafa goonu, of eeggannoo barbaachisu gochuun barbaachisaadha. Haguuggii funyaanii fi afaanii (maaskii) kaawwachuu, harka ofiitti immoo golga harkaa godhachuun barbaachisaadha.
Naannoo Beenishaangul Gumuzitti dhaqqabamumma bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf hojjetamaa jiru
Dec 29, 2025 121
Mudde 20/2018(ENA)-Naannoo Beenishaangul Gumuzitti dhaqqabamumma bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu prezidaantiin naannichaa Ashaadilii Hasan ibsan. Pirezidaantichi naannicha aanaa Homooshaa ganda Tsooree Almatamaa keessatti ijaarsa piroojektoota bishaan dhugaatii fi qulqullina naannoo miseensota hawaasaa kuma 17 ol fayyadamoo taasisu ijaarsa isaa eegalchiisaniiru. Piroojektichi deeggarsa maallaqaa ‘UNICEF’ irraa argameen kan ijaaramu yoo ta’u, birrii miiliyoona 140 ramadamuu isaa ibsameera. Pireesidaantiin naannichaa Ashaadilii Hasaan wayita sana akka jedhanitti, naannichatti dhaaqqabamummaa bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf dhaabbilee michuu waliin qindoominaan hojjetamaa jira. Gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii hawaasni kaasan deebisuuf tattaaffiin taasifame bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. ‘UNICEF’ fi michoonni biroos pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu hojiirra oolchuu irra darbee, dhaabbileen bishaanii itti fufinsaan akka tajaajila kennaniif humna aduutiin akka hojjetan gochuun, dhaqqabamummaa bishaan dhugaatii qulqulluu waliin gahuuf gumaacha guddaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Naannoo Beenishaangul Gumuz aadde Hajiraa Ibraahim piroojektichi ji'a jaha keessatti xumuramee tajaajilaaf gahuu akka danda’u ibsaniiru. Hoggantoonni olaanoo naannoo fi miseensonni hawaasa naannoo sagantaa jalqabsiisa ijaarsa piroojektichaa irratti argamaniiru.
Dhaabbileen Poolisii ergamasaanii gahumsaan bahuu akka danda’aniif Bu’uuraalee Misoomaa fi galtee barbaachisaa guutuun cimee itti fufa- Kantiibaa Adaanach Abeebee
Dec 29, 2025 68
Mudde 20/2018(ENA)- Dhaabbiileen Poolisii ergamasaanii gahumsaan bahuu akka danda’aniif Bu’uuraalee Misoomaa fi galtee barbaachisaa guutuun cimee akka itti fufu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee ibsan. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanacha Abeebee pirojaktii dhaabbilee Poolisii fi Balaa ibiddaa ijaaramanii Xumuraman eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Pirojektoonni kunneen qajeelchawwan poolisii kutaa magaalaa bulchiinsa magaalaa Finfinneen ijaaraman, Wiirtuuwwan poolisii hawaasaa, buufataalee poolisii, Kaampiiwwan poolisii fi waajjiraalee komishinii hooggansa hojii ibiddaa fi sodaa balaa bulchiinsa Magaalaa Finfinneti. Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanacha Abeebee wayita sana akka jedhanitti, Bulchiinsi Magaalichaa nagaa fi tasgabbii magalichaa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa jira. Hojiiwwan kun nagaa fi tasagabbii magaalichaa mirkaneessuuf kan dandeessisan ta’uu dubbataniiru. Pirojektoonni guyyaa har’aa tajaajilaaf banaa ta’an Poolisiin hawaasatti dhihaachuun yakka dursuun ittisuu, xiqqeessuu fi to’achuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Akkasumas dhaqqabamummaa tajaajila poolisi guddisuurra darbee qaamoleen nageenyaa humna guutuun akka bobba’an isaan dandeessisuuf kan hojjetaman ta’uusaanii kantiibaa Adaanach ibaniiru. Magaalaan Finfinnee Magaalaa Ardii fi Idil-Addunyaa ta’uusheen hojiin daawwattootaaf mijattuu taassisuu akka hojjetamu ibsaniiru. Nagaan bu’uura waan hundaati kan jedhan kantiibaa Adaanach, kanaanis Ijaarsa dhaabbilee nageenyaa hojiin teekinooloojii fi humna namaan Ammayyeessuu Cimee itti fufa.
Diinagdee
Godina Shawaa Bahaatti lafti heektaara kuma 266 qamadii jallisii Bonaan misoomeera
Dec 30, 2025 10
Mudde 21/2018(ENA)- Lafti jallisii Bonaan misoomu heektaarri kuma 266 Qamadii facaafamuu Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Bahaa beeksise. Waajjirichatti itti aanaan hogganaa Abinnat Zagayyee ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, godinicha aanaalee 11 keessatti jallisii Bonee baranaan lafa heektaara kuma 250 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa turuu ibsaniiru. Hojiiwwan hanga ammaatti hojjetamaniin lafti heektaara kuma 266 fi 700 sanyiin kan facaafame ta’uu ibsuun, karooraan ol hojjechuu danda’uu ibsaniiru. Misoomni kun karooraan ol ta’uu kan danda’eef, qonnaan bultoonni jallisii Bonee misooma qamadii irraa fayyadamoo akka ta’an waan amananiif ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinicha keessa jiran irra caalaan isaanii lafti tiraaktaraan deeggaramuun kilastaraan kan qotame yoo ta’u, kunuunsa midhaaniif xiyyeeffannoon dursee kennamuu ibsaniiru. Misoomni jallisii Bonaa kun bishaan lafa jalaa fi bishaan dirra lafaa fayyadamuun kan misoomaa jiru yoo ta’u, dabalataan misoomni kun pirojaktoota jallisii ammayyaa fayyadamuun irra jireessa bishaan laga Hawaas aanaalee torba keessa qaxxaamuree darbu jallisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Misoomni qamadii Bonaa aanaalee fi gandoota godinichaa hunda keessatti hojiirra ooluu ibsuun, dargaggootaa fi dubartoota dabalatee qonnaan bultoonni kuma 120 ol misooma kanarratti hirmaachaa akka jiran yaadachiisaniiru. Walumaagalatti lafa qamadii Bonee jallisiin misoome irraa oomishni waliigalaa kuntaalli miiliyoona 13 akka eegamu obbo Abinnat ibsaniiru. Hogganaan Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa godina Shawaa Bahaa Asraat Geetuu akka jedhanitti, qamadii dabalatee kuduraalee fi muduraalee yeroo Bonaa jallisiin misoomsamaniif xaa’oon kuntaala kuma 133 fi 457 qonnaan bultoota godinichaaf raabsameera.
Fooramiin Biizinasii Afrikaa magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama
Dec 30, 2025 12
Mudde 21/2018(ENA)- Fooramiin Biizinasii Afrikaa 9ffaan Guraandhala 9 fi 10 2018 magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Komishiniin Biizinasii Afrikaa (ECA), Komishinii Gamtaa Afrikaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun saganticha ni qopheessa. Waltajjiin kun Walgahii Gamtaa Afrikaa 39ffaa baatii Guraandhalaa keessa magaalaa Finfineetti gaggeeffamu waliin kan adeemsifamu ta’a. “Egeree Afrikaa faayinaansiin deeggaruu; hojii fi kalaqni tiraanisfoormeeshinii fulla’aaf” kan jedhu mata duree fooramiin ittiin adeemsifamuuti. Fooramiin Biizinasii Afrikaa waltajjii marii Ardii sadarkaa olaanaa waggaa waggaan gaggeeffamu yoo ta’u, dhimmoota misoomaa fi guddina dinagdee Afrikaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoo ENAn, ECA irraa argate ni mul’isa. Fooramiin Ardii kuni hoggntoota Afrikaa, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee dhuunfaa fi michoota misoomaa kan walitti fidudha. Waltajjiin kun karaalee walta’insaa fi invastimantii guddisuun danda’amu irratti kan mari’atamu yoo ta’u, keessumaa faayinaansii mootummaa fi dhuunfaa dabalatee filannoowwan faayinaansii adda addaa babal’isuun karaa danda’amu irratti kan mari’atamu ta’a jedhameera. Carraa hojii, sirni kalaqaa mijataa fi dandeettii kalaqaa Afrikaa guutummaan guutuutti itti fayyadamuun ajandaa waltajjii kana irratti mari’atamu keessaa kan eeramani dha. Keessattuu industirii dijitaalaa, intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa akkasumas damee kalaqaa Afrikaa babal’achaa jiruuf xiyyeeffannoon kennameera. Fooramicha irratti inisheetivoonnii fi hammattoowwan adda addaa ni dhiyaatu. Kalaqa dargaggootaa dhaqqabamummaa faayinaansii waliin kan walitti hidhu bu’uurri dandeettii fi Tiraanisfoormeeshinii Dargaggoota Afrikaa ni ifooma. Sirni hordoffii fi to’annoo raawwii waadaa faayinaansii damee mootummaa fi dhuunfaa ECAn qophaa’es waltajjii kana irratti ifoomee hojiirra oola jedhameera. Fooramiin Biizinasii Afrikaa Galmoota Misooma itti fufiinsa qabuu fi galmoota Ajandaa 2063 keessatti kaa’aman galmaan ga’uuf gahee tarsiimoo isaa ba’aa jiraachuu ibsameera.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 sirni bittaa elektirooniksii mootummaa bu’a qabeessa akka ta’u shoora ijoo nibahata
Dec 29, 2025 123
Mudde 20/2018(ENA)-Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 sirni bittaa elektirooniksii mootummaa bu’a qabeessa akka ta’u shoora ijoo akka bahatu abbaan taayitaa bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa mootummaa federaalaa ibse. Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa Masarat Masqalee ENAtti akka himanitti, iftoomin hojmaata bittaa mootummaa diriirsuuf sirni bittaa elektirooniksii (e-GP) hojiirra oolfamuu ibsaniiru. Bara bajataa 2018 dhaabbileen barnootaa olaanoo mootumaa fi federalaa kara sirna bittaa elektirooniksiin bittaa akka raawwatan taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru. Sirni bittaa elektirooniksii mootummaa hirmaattonni caalbaasii biyya keessaa fi biyya alaa carraa caalbaasii walqixaa fi ifa ta’e akka argatan hojmaata haqa qabeessa fidaa akka jiru himaniiru. Hojiileen karaa sirna bittaa elektirooniksii karoora irraa amma bittaatti raawwataman sirna hojmaataa itti gaafatamummaa ifaatiin akka gaggeeffamu gochuun carraa guddaa uumuusaa dubbataniiru. Bu’a qabeessummaa sirna bittaa elektirooniksii mootummaa eegsisuufis dhaabbilee dhimmichi ilaallatu waliin sanadoota walitti hidhuun akka danda’ame ibsaniiru. Warri dhiheessanis wayita bittaaf galmaa’an eyyama daldalaa, lakkoofsa adda baaftuu gibiraa fi galmee taaksii dabalataa kan mirkaneessu kallattiin karaa sirna dijitaalaa kan dhiheessan ta’uu kaasaniiru. Bittaan mootummaa eenyummaa dogoggoraatiin akka hin raawwatamne gochuuf sagantaa enyummeessaa biyyaalessaa waliin wal ta’uun hojmaata walfakkaataa sadarkaasaa eeggate diriirsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Haala Kanaan abbaan taayitaa bittaa mootummaa federaalaa fi bulchiinsa qabeenyaa sirna hojmaata bittaa ammayyaa diriirsuun bu’a qabeessummaa dijitaala Itiyoophiyaa 2025’f qoodasaa akka bahe ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030’s bu’a qabeessummaa sirna bittaa mootummaaf shoora olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Fuulduras ka’umsa tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030’f federaalaa fi naannolee hunda waliin ta’uun sirna bittaa guutummaatti sirna elektirooniksiin raawwachiisuuf ni hojjetama jedhaniiru. #ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI
Cabiinsa dinagdeerraa gara bayyanachuu dinagdeetti
Dec 29, 2025 97
Mudde 20/2018(ENA)-Sagantaan fooyyessa dinagdee Gooroo dameewwan garagaraan bu’aalee qabatamaa fi guddina fulla’aa galmeessisuun dinagdee cimaa fi dorgomaaf bu’uura kaa’uusaa tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa FDRI ibse. Fooyyessichi dinagdee dorgomaaf bu’uura cimaa kaa’uus ibseera. Fooyyessa dinagdee kanaan rakkooleen caaseffamaa diinagdee waggoottaniif turan kutannoo Mootummaan sadarkaa sadarkaan akka furamanii fi dinagdeen cimina keessoo fi Addunyaa waliin hidhata qabu akkasumas gabaarratti dorgomaa ta’e akka ijaaramuuf haalli mijataan uumamuu ibseera. Guddinni dinagdee kun sadarkaa olaanaan akka saffisuuf qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu, kuufama sharafa alaa guddisuu, oomishaalee bakka bu’oo jajjabeessuu fi invastimantii haaraa hawwachuu irratti fooyya’iinsi taasifame milkaa’inoota gurguddaa galmeessisuu himeera. Kana cinaatti murteewwan haaromsaa wal irraa hin cinnee fi kutannoon mootummaan fudhate milkaa’ina argameef bu’uura ta’uu ibsameera. Mootummaan cabiinsa diinagdee suphuu fi akka dandamatuuf tarkaanfiiwwan gurguddoo; shallagni sharafa alaa gabaan akka hogganamu gochuufi maallaqni Itiyoophiyaa gatii sirrii akka argatu taasisuu ibseera. Hojii gama kanaan hojjetameen sharafni alaa kanaan dura karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture seera qabeessaan gara baankii akka seenu taasisuun, dhaabbilee invastimantii sababa hanqina doolaaraan cufamuuf fiixeerra gahanii turan gara hojiitti akka deebi’aniifi diinagdeen rakkoo keessaa bahee akka dandamatuuf hojii bu’aa qabeessi hojjetamuu himeera. Bu’aan ijoo mootummaan galmeesse inni biraan marii milkaa’inaan liqaa alaa irra deebiin sirreessuu fi haquu isaati. Kanarraa kan ka’e liqaan Itiyoophiyaan kanaan dura fudhatte liqaa dhala guddaa fi yeroon deebiii isaa gabaabaa ta’uun biyyattii haala rakkisaa keessa galchaa tureera. Rakkoo kana furuuf mootummaan biyyoota liqaa kennanii fi dhaabbilee faayinaansii waliin marii milkaa’aa taasisuun, sirreeffama liqaa gara doolaara biiliyoona 4.5tti siqu mirkaneessuun milkaa’inaan raawwateera. Kunis biyyattiin qabeenya kanaan dura liqaa biyya alaa ishee kaffaluuf itti fayyadamaa turte kuufama sharafa alaa biyya keessaa ishee guddisuu fi pirojektoota misoomaa guutuu biyyattii keessatti hojjetaman deeggaruuf carraa uumeera; akkasumas dhaabbilee faayinaansii haalaan cimseera. Hunda caalaa immoo, hojiirra oolmaan haaromsa dinagdee maakiroo bal’aa sirna sharafa alaa iftoominaa fi tilmaamamuu danda’u kan yaa’insa invastimantii kallattiin alaa mijeessuu uumuu danda’eera. Kunis abbootiin qabeenyaa biyya alaa amantaa biyya keenyarratti qaban akka cimu taasisuu; kaappitaalli gara biyyattiitti akka dabalu taasisuu fi akka biyyaattis haaromsi dinagdee bal’aa akka uumamu taasiseera. Walumaagalatti haaromsi diinagdee, biyyattii kufaatii irraa baraaruun, kuufamni sharafa alaa dabaluu, humna dinagdee Itiyoophiyaa cimsuun hariiroo hawaasa daldalaa addunyaa waliin qabdu sadarkaa haaraatti ol guddiseera. Bu’aan argame itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf al-ergii, oomisha bakka bu’aa fi oomishtummaa guddisuun xiyyeeffannoo mootummaa ta’ee akka itti fufu ibseera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaa badhaate, birmadummaa dijitaalaashee eegatte, kalaqaa fi teeknooloojiin ga’oomte
Dec 30, 2025 9
Itiyoophiyaa badhaate, birmadummaa dijitaalaashee eegatte, kalaqaa fi teeknooloojiin ga’oomte Galmoota mootummaan badhaadhina mirkaneessuuf murteessoodha jechuun karoorse keessaa Dijiitaalla Itiyoophiyaa Ijaaruun dhimmoota xiyyeeffannoon kennameefidha. Carraa Itiyoophiyaa fuulduraa guddina kalaqaa fi teekinooloojii irratti ijaaruuf Tarsiimoo Diinagdee dijiitaalaa qulqullina qabuu fi yeroo waliin tarkaanfatu dinagdee hirmaachisaa ijaaruu kan dandeessisu bu’aan argamaa jira. Akkuma beekamu galma kana milkeessuuf Mootummaan tarsiimoo Dijiitaalaa 2025n bocee gara hojiitti galee ture. Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 kallattii hundaan bu’aan ajaa’ibsiisaan kan itti galmaa’e yoo ta’u, Tarsiimichi ergamasaa milkaa’inaan xumuree Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f dabarsee kenneera. Dijiitaala 2025 gabaa teeleekoomii banuu fi babal’isuun dhaqqabamummaa tajaajila Intarneetaa fi mobaayilaa guddisuun akka danda’au taasiseera. Pirojektiin enyummeessaa Dijiitaalaa Biyyoolessaa (Fayida) nageenyisaa eegame Itiyoophiyaanota hundaan gahuuf hojjetame, tajaajiloonni bulchiinsa dujutaalaa, tajaajilli dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila ammayyaa fi si’ataa gama qaqqabsiisuutiin tarkaanfiin guddaan kan itti argamedha. Kan biroon Sagantaa Koodarsii Miiliyoona 5nii dandeettii Dijiitaalii babal’isuurratti bu’aan boonsaan argameera. Dabalatais Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundaa’uun, bu’uuraalee misoomaa Hawaasaa (PKI) eegalamuu, Faayibarii Intarneetaa 4G/5G babal’isuu, gurgurtaa faayinaansii Dijiitaalaa kanneen fakkaatan hundi agarsiistuu milkaa’ina ergama Dijiitaala 2025 ti. Kana ka’umsa godhachuun mootummaan Tarsiimoo Dijiitaalaa 2030 bocee hojirra oolchuu eegaleera. Tarsiimoon kun birmadummaa Djiitaalaa kan eege, Itiyoophiyaa Kalaqaa fi Teekinooloojiin hundoofte uumuuf tarsiimoo deeggaru yoo ta’u, Tarsiimichi teekinooloojii Mala Jireenyaa gochuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha. Utubaawwan Tarsiimichaa jedhamanii kan eeraman keessaa - 1. Dhaqqabamummaa babal’isuu- garagarummaa Dijiitaalaa magalaa fi baadiyaa gidduu jiru dhiphisuun lammiileen bakka kamittuu fayydamoo teekinooloojii akka ta’an gochuu. 2. Carraa wal-qixa uumuu - Lammiileen Diinagdee Dijiitalaa keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa wal-qixaa akka qabaatan haala mijataa uumuu. 3. Wal amantaa ijaaruu - dhaabbilee fi lammiilee gidduutti nageenyaa saayibarii fi eegumsa Daataa mirkaneessuun sirna Dijiitaalaa nageenyisaa eegame ijaaruun keessatti argama. Akkasumas Tarsiimoon kun Itiyoophiyaan Diinagdee dijiitaalaa Addunyaa Keessatti dorgommii qabdu kan itti mirkaneessituu fi tajaajiloonni mootummaa ifaan lammiileef karaa itti dhiyaatan kan mijeessudha. Kanarra darbees tarsiimichi gama qonnaan, Meeshaalee Dijiitalaa Ammayaa hammachiisuun, omishtummaa fi qulqullina tajajilaa guddisuu, faayinaansii fi barnootaan, hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneesuu fi yaadama kalaqa dijiitaalaa dhaloota boruu idileessuu, carraa hojii uumuu, dargaggoota kalqxoota hojii dijiitaalaaf haala mijataa uumuun dandeettii kalaqasaanii gara sona dinagdeetti akka jijjiiran dandeessisuuf faayida qaba. Itiyoophiyaa bakkeewwan hawata Tuuristii filannoowwan dijiitaalaan Addunyaaf beeksisuun galii sharafa alaa guddisuun galma tarsoomoo kanaa isa biroodha. Dijiitaalli Itioophiyaa 2030 appilikeeshinoota qabeenya uumaani fi dandeettii dijiitaalaa sadarka olaanaan guddisuun hirmaachisummaa faayinaansii karaa teekinooloojiin dijiitaalaa mirkaneessuu fi lammiileen sochii Diinagdee biyyaa keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan dandeessisuuf ergama qaba. Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa
Tattaaffii mootummaan diinagdee magariisaa ijaaruuf taasisu keessatti gahee keenya bahataa jirra – Oomishtoota
Dec 28, 2025 158
Mudde 19/2018(ENA)- Tattaaffii mootummaan diinagdee magariisaa ijaaruuf taasisu keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu oomishtoonni ibsani. Fooramiinii fi agarsiifni sochii faalama hir’isuu lammaffaa ‘Green Mobility” 20125, Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa keessatti bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti banameera. Itti aanaan muummichi ministeeraa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin imalli biyya magariisaa fi badhaate dhaloota itti aanutti dhaalchisuu gama hundaan milkaa’inaan itti fufuu ibsuun isaanii ni yaadatama. Agarsiisni fi waltajjiin kun imala seena qabeessa Itiyoophiyaan ijaaruuf eegalte kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbilee agarsiisa kanarratti oomisha isaanii dhiyeessan keessaa Daarektarri Olaanaa Beekaa Giruuppii Mikaa’el Kaasaa tokko yoo ta’an, yeroo jalqabaaf piroojektii konkolaattota elektirikaa gurguddoo hojjechuuf walitti qaqqabsiifaman hojjetamaa jiru agarsiisa kanarratti dhiyeessaniiru. Yeroo ammaa kana hojiin meeshaalee konkolaattotaa walitti qaqqabsiisuu kun dhaabbata Chaayinaa Shaakmaan jedhamu waliin akka jalqabame eeruun, ji’a afur boodas hojii akka jalqabu dubbataniiru. Dhaabbata Giruuppii Balaaynaa Kindeetti daarektarri Komunikeeshinii obbo Saxxanyi Ingidaa akka jedhanitti, agarsiisni kun dhaabbatichi konkolaattota anniisaa haaromfamuu danda’an akka beeksisu carraa kan uume ta’uu ibsaniiru. Agarsiisa kana irratti anniisaalee baasii qusataniifi faalama hir’isuu danda’an konkolaattota elektirikaa dhiyeessuu eeruun, kanaanis gahee isaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Deetaa Ministiraa Geejjibaa fi Loojistiksii Bara’oo Hasan gama isaaniin akka ibsanitti, Konkolaattota anniisaa haaromfamuu danda’aniif, sadarkaa (istaandaardii) irraa kaasee hanga imaammataatti xiyyeeffannoo addaa kennuun Afrikaa keessatti gahee adda duree akka taphatu isa dandeessiseera jedhan. Bara 2030tti lakkoofsa konkolaattota elektirikaa gara kuma 500tti guddisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu eeruun, kanaan walqabatees invastimantii fi tumsa barbaachisu uumuuf agarsiisni kun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Tarsiimoon Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 Ammayyummaa Magaalotaa guddisuuf Boqonnaa haaraa bana
Dec 27, 2025 121
Mudde18/2018(ENA)-Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalota Teekinooloojiin ammayaa’an ijaaruu fi haala jireenya lammiilee foyyessuuf humna guddaa akka uumu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii ibsan. Ministirri Mummee Doktar Abiyyi Ahimad Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo jalqabsiisan dhaqqabamummaa babal’isuu, Lammiileef Carraa walqixa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee gidduutti wal amantaa dagaagsuun galma ijoo tarsiimichaa ta’uu ibsuunsaanii ni yaadatama. Karoorawwan kana milkeessuuf bu’uuraaleen misooma ummataa babal’isuu hojiiwwan ijoo ta’uu ibsuun, teekinooloojii kan namarratti xiyyeeffachuun haala jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuuf humna guddaa uuma jedhaniiru. Ministirri magaalaa fi bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii turtii ENA waliin taasisaniin Mootummaan ida’amuu magaalonni kan kalaqaa, teekinooloojii fi agarsiistuu badhaadhinaa akka ta’aniif hojjechaa jira. Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 magaalota “smart City” gochuuf kan dandeessisu bu’uurri cimaan kaa’amuu dubbataniiru. Kunis magaalonni qophii karooraa eegalee dijiitaalaan akka gaggeeffaman taasisuunii fi kenna tajaajilaa ammayyeessuurratti qooda olaanaa gumaachuu ibsaniiru. Kanaanis jiraattotaaf magaala mijattuu, gurgurtaa elektirooniksii, kenna tajaajilaa si’ataa lammmiileef kennuun kan danda’ame akka ture kaasaniiru. Kanaanis bu’aa argamuu fi guddina magaalotaaf bu’uura guddaa kaa’ee milkaa’inaan xumuramuu kaasaniiru. Tarsiimoon Dijiitala Itiyoophiyaa haaraan 2030 magalummaa “smart City “ irra darbee teekinoloojiin kan ammayaa’an akka ta’an kan isaan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Immaammata misooma magaalaa Haarawaa waliin kallatttiin kan walitti dhufu yoo ta’u, itti fayyadama Aannisaa, sochi Diinagdee, kenna tajaajilaa kan idileesu ta’uu hubachiisaniiru. Dijiitaalayizeeshiniin lammiilee fi Mootummaa akkasumas tajaajila kan kennanii fi fudhatan gidduutti wal amantaa kan uumuu ta’uu ibsaniiru. Nageenya odeeffannoo mirkaneessuun muuxannoo odeeffannoo guddina biyyaaf fayyadamuu yeroo gara yerootti babal’achaa dhufuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Mootummaan ida’amuu magaalonni kan kalaqaa, Teekinooloojii fi agarsiistuu Badhaahinaa akka ta’aniif xiyyeeffannoo keennee hojjechaa jiraachuu fi milkaa’ina kanaaf humna ittiin furguggifamaa guddaa ta’uu eeraniiru.
Leenjiin Itiyoo-Koodarsii Beekumsa Teekinooloojii keenyaa dabaluun hojii keenya nuuf saffisiiseera-leenjitoota
Dec 26, 2025 169
Mudde 17/2018(ENA)- Leenjiin Itiyoo Koodarsii beekumsa Teekinooloojiin qaban guddisuun hojiisaanii saffisiisuu fi bu’aa qabeessa taassisuuf isaan gargaaruu leenjifamtoonni magaalaa walqixxee dubbatan. Inisheetivii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin kan eegalame Leenjiin Itiyoo-Koodarsii Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf leenjichi lammiilee miiliyoona 5f dhaqqabamaa akka ta’u galmi qabameera. Leenjichi lammiileen beekumsa Teekinooloojiisaanii akka gabbifatani fi tajaajila Teekinooloojiin deeggarame babal’isuuf faayidaan qabu olaanaa ta’uun amanamee hojiitti kan gale waggaa 3ffaa qabateera. Leenjiin Itiyoo-Koodarsii naannoowwan itti kennamaa jiru keessaa Nannoon Giddugala Itiyoophiyaa Magaalaan walqixxee tokko yoo taatu, hirmaattonni leenjichaa beekumsa teekinoloojiisaanii guddifachuun hojisaanii saffisiisuuf isaan gargaaruusaa dubbataniiru. Namoota yaadasaanii ENA’f kennan keessaa Dargaggoo Heenook Waldagoorgis akka ibsetti, dameelee adda addaa Afuriin beekumsii fi dandeettiin Teekinooloojii argate ogeesa gahoomee fi dorgoma isa taassisuu ibseera. Leenji’aa biroon Dargaggoo waldatinsaay waldaamlaak gamasaan leenjiin Itiyoo-koodarsii softiweerota tajaajila adda addaa kennan hojjetee fayyadamaa ta’uu ibseera. Hojii daldalaa kan hojjetan Aadde Roozaa Aggizaa gamasaaniin leenjiin fudhatan beekumsaa fi dandeettii Teekinooloojiisaanii guddisuun hojii daldalaasaaniin bu’aa qabeessa isaan taassisuu dubbataniiru. Leenjiin Itiyoo koodarsii godina Guraageetti yeroo eegalee kaasee lammiileen kuma 58 leenjicha akka fudhatan Itti Gaafatamaan Qajeelcha Saayinsii fi Teekinooloojii Godina Guraagee Damissi Gabree ibsaniiru. Godinichatti bara baajataa qabametti lammiileen kuma 24 leenjisuuf karoorfamee hanga ammaatti lammiilee kuma 36’f leenjiin kennamuusaa fi isaan keessaa lammiileen kuma 28 waragaa ragaa fudhachuusaanii ibsaniiru. Gara Fuulduraattis Leenjicha Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa hundatti dhaqqabamaa taassisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru
Ispoortii
Taphni Faasil kanamaan Itiyoo-Elektirikii waliin gaggeessan hawwiin eegama
Dec 29, 2025 107
Mudde 20/2018(ENA)- Piriimar ligii Itiyoophiyaa torban12ffaan har’a eeggala. Guyyaa sa’aatii 7:00 Faasil kanamaan fi Itiyoo-Elektirikii waliin Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Liigichaan Faasil kanamaan taphoota 11 gaggeesseen yeroo shan yoo injifatu yeroo 6 qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera. Garichi qabxii 21n sadarkaa 2ffaa qabateera. Liigichatti hanga ammaatti kan hin mo’amne kilabiin qofeessi Faasil kanamaadha. Itiyoo elektiriik bara dorgommichaatti taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan 5n qixaan adda baheera. Galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. Garichi qabxii 20n sadarkaa 5ffaa qabateera. Faasil kanamaan yoo injifate dursummaa liigichaa Buna Sidaamaarraa yeroof ni fudhata. Sagantaa biroon maqalee 70 Indartaan Qiddusgoorgis waliin galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan liigichatti taphoota 11 gaggeesse keessaa kan injifate yeroo 1 qofa. Yeroo shan yoo injifatamu haaluma wal fakkaatuun yeroo 5 qixa baheera. Galchiiwwan12 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 7n sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Liigichaan Inijifataan yeroo 16 Qiddusgoorgis gamasaan taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo 4 mo’ameera. Taphoota biroo hafan 2 qabxii qooddateera. Taphoota 11n galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. Qiddus Goorgis qabxii 17n sadarkaa 6ffaa qabateera. Taphichaan Maqalee70 Indartaan injifannoo itti fufaa galmeessisuuf, Qiddus goorgis gara injifannootti deebi’uuf ni taphatu. Walwaloo Addai Giraat Yunvarsiitiin Magaalaa Baahir Daar waliin Guyyaa sa’aatii 10: 00tti Istaadiyeemii Finfinneetti ni taphatu. Walwaloo Addigiraat Yunvarsiitiin qabxii 8n sadarkaa 18ffaa qabatee sadargaa gad- bu’aa keessatti argama. Walaayittaa Diichaan Magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaatti ni taphatu. Walaayittaa Diichaan qabxii 10n sadarkaa 17ffaan adarkaa gad bu’aa keessatti argama. Magaalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa dhumaa 20ffaa qabateera. Magaalaan Aarbaa Minici Liigichaan tapha tokkoyyuu kan hin injifanne garee qofeessadha. Bunni Sidaamaa Liigicha qabxii 22n dursaa jira. Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 12ffaan hanga mudde 22 bara 2018tti ni tura.
Taphoota Waancaa Afrikaa marsaa 2ffaan har'a taphoonni afur ni taphatamu
Dec 28, 2025 159
Mudde 19/2018 (ENA) - Tapha waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Morookoon gaggeeffamaa jiruun har'a taphoonni marsaa 2ffaa afur ni taphatamu. Waaree booda sa'aatii 9:30 jalqabee Gaaboon Moozaambik waliin morkatti. Tapha marsaa jalqabaan Gaaboon Kaameeruuniin, Moozaambik ammoo Kootidivoweeriin injifatamuun kan yaadatamuu dha. Galgala sa'aatii 12:00 eegalee Ikkuwaatooriyaal Giiniin Sudaan waliin falmatti. Akkasumas halkan sa'aatii 2:30 jalqabee Aljeeriyaan Burkiinaa Faasoo waliin taphatti. Halkan sa'aatii 5:00 jalqabee immoo morkiin Kootidivowaar Kaameeruun waliin taasiftu tapha eegamuudha. Gareewwan lamaan taphoota 11 taphoota adda addaarratti waliin taphatan 11 keessa Kaameeruun yeroo 4 yoo injifattu, Kootidivowaar yeroo 4 injifachuun yeroo 3 ammoo qabxii qooddataniiru. Shaampiyoonaan Waancaa Afrikaa 34ffaa Kootidivowaar falmiin har'a warra Leencotaa waliin taasiftuun ni eegama. Tapha garee jalqabaatiin Kootidivoyaar Moozaambiikiin, Kaameeruun Gaabooniin 1 fi 0n injifatte. Humnoonni kubbaa miilaa Afrikaa ciccimoon lamaan waltajjii ardii irratti yeroo wal argan kun yeroo 6ffaati. Biyyoonni kunneen yeroo jalqabaaf kan waliin taphatan Waancaa Afrikaa torbaffaa, bara Faranjootaa 1970 Sudaan keessummeessite irratti ture. Yeroo sanattis Kaameruun 3 fi 2 mo’atte.
Manchistar Siitiin Notingiham Foresti mo’achuun dursaa Liigichaa ta’e
Dec 27, 2025 162
Mudde 18/2018(ENA)- Sagantaa torban 18ffaa piriimar Liigii Ingiliziin Manchistar Siitiin Notingiham Forestiin 2 fi 1’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Siitii Giraanditti gaggeeffameen Tijaanii Raayindarsii fi Rayaan Cherkii galchii mo’annaa galmeessisaniiru. Omaarii Hutchiinsan Notingiham Forestiif galchii 1 galcheera. Manchistar Siitiin tapha liigichaatiin injifannoo 13ffaa galmeessisuun qabxii 40’n Dursa liigichaa Arsanaal harkaa yeoof fudhateera. Bara dorgommichaa yeroo 10 kan mo’ame Notingiham Foresti qabxii 18’n sadarkaa 7ffaa qabateera. Taphni Arsanaal galgala sa’aatii 12tti Biraayitan waliin gaggeessu ni eegama. Arsanaal yoo mo’ate dursa liigichaa deebisee harkatti galfata.
Sagantaa "Booksiingi deeyii’n” Manchistar Yunayitid Niwukaastil Yunayitidiin mo’ate
Dec 27, 2025 123
Mudde 17/2018 (ENA)- Piriimar Liigii Ingiliz torban 17ffaa tapha jalqabaatiin Manchistar Yunayitid Niwukaastil Yunayitidiin 1 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Olditiraafoordtti taphatameen galchiin Paatriik Doorguu daqiiqaa 24ffaarratti galche Manchistar Yunayitid akka mo’atu taasiseera. Liigichaan yeroo saddetiif kan mo’ate Manchistar Yunaayitid qabxii 29’n sadarkaasaa torbaffaarraa shanaffaatti guddifateera. Niwukaastil Yunaayitid bara dargomichaan yeroo torbaffaaf mo’amee qabxii 23’n sadarkaa 11ffaarratti argama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 349
Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira. Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru. Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Ministirri Muummee Hindi Naareendiraa Moodii Ashaaraa Magariisaa kaa’an
Dec 17, 2025 269
Mudde8/2018(TOI)- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin ta’uun Ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aniiru. Itiyoophiyaa fi Hindi misooma magariisaa irratti kaayyoo wal fakkaataa kan tarkaanfachiisaan ta’uu isaaniin muuxannoo qaban wal jijjiiruuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 346
Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 523
Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1283
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9736
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.