Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti lammiileen kuma 900 ol Leenjii Itiyoo koodarsii leenji’aniiru
Dec 11, 2025 12
Mudde 2/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti lammiileen kuma 956 leenjii Itiyoo koodarsii fudhachuusaanii Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Teekinooloojii beeksise. Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa kenna tajaajilaa mootummaa dijiitaala gochuun isa tokko. Kana deeggaruuf Barnoota Idilee teekinooloojii dabalataan leenjii Itiyoo koodarsii fi leenjiiwwan biroo Onlaayinii mootummaan akka filannoo tokkootti lammiileef mijataa taassisuun qaama kanaati. Innisheetivii Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin kan eegalamee fi lammiilee miiliyoona 5’f leenjiin Itiyoo koodarsi mijate naannoolee hundatti marsaalee adda addaan kennamaa jira. Naannoo Oromiyaatti leenjichi erga eegalamee asitti lammiileen kuma 900 ol fayyadamoo carrichaa ta’uun, hedduun damichaan hanga hojii uumuu gahuusaanii ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Teekinooloojii Naanichaa Injiinar Jimaa Tulluu TOI’f akka ibsanitti naannichatti leenjiin Itiyoo koodarsi lammiileen fayyadamoo akka ta’aniif qooda fudhattoota waliin hojiiwwan adda addaa hojjetameera. Kaayyoon Leenjichaa lammiileen damee dijiitaalaan dorgomaa akka ta’an gochuurra darbee tajaajilli si’ataa kennuuf akka garghaaru eeraniiru. Dabalataanis Leenjichi Barattoonni hariiroo teekinooloojii waliin qaban kan jabaate akka ta’uuf haala mijataa kan uumu yoo ta’u hojii barbaaddotaaf immoo carraasaanii kan bal’isuufii ta’uu dubbataniiru. Leenjiin Itiyoo koodarsi karoorasaa galmaan ga’uuf hubannaa uumuu, mana yaalii qopheessuu, kompiitarootaa fi bu’uuraalee misoomaa biroo guutuu fi wiirtuuwwan leenjii haala mijeessuun hojin bal’aan hojjetamuu ibsaniiru. Magaalota naannoolee fi godinaaleetti hojjettoota mootummaaf, daldaltootaaf, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaaf barattoota kolleejjii fi Yunvarsiitii adda addaarra eebbifaman leenjicharratti dammaqinaan hirmaachaa jiru jedhaniiru. Walii gala naannichatti lammiilee Miiliyoona 1 tuqaa 2 fayyadamoo leenjichaa taassisuuf kan karoorfame yoo ta’u hanga ammaatti lammiilee kuma 956 leenjicha fudhachuusaanii ibsaniiru. Leenjifamtoonni hedduun hojii galmee waraqaa eenyummaa biyyaalessaarratti kallattiin hirmaachuun carraa hojii fayyadamaa akka jiran ibsaniiru. Bara bajataa kana karoora leenjii Itiyoo-koodarsiif qabame milkeessuuf tumsi taasifamu akka itti fufu Injiinar Jimaan ibsaniiru.
Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha
Dec 11, 2025 50
Mudde 02/2018(TOI)- Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha jechuun ibsan Barreessaa Olaanaan Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee. Daldala biyyoota Afriikaa mijeessuuf maallaqa waloo hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uus cimsanii dubbataniiru. Yaa’iin Waggaa Kaffaltii Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2ffaa gaggeeffameera. Barreessaa olaanaan naannoo daldala walaba ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee yaa’icha irratti akka jedhanitti, daldala Afrikaa keessaa waggaatti doolaara biiliyoona shan ta’u bittaa fi gurgurtaa raawwatamu haala mijeessuudhaan galma maallaqa waloo qabame ardii kanaaf galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Barreessaan olaanaan kuni akka jedhanitti daldalli ardii kanaa maallaqa qaama sadaffaatiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis lammiilee Afrikaa baasii hin barbaachifneef saaxilaa jira. Daldala biyyoota Afrikaa gidduutti adeemsifamu baasii kan qusatu, ammayyaa fi saffisaa taasisuuf maallaqni waloo ardii hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru. Daldala ardii kanaa keessattis sirni saffisa qabu kan biyyoonni maallaqa ofiitiin daldala gaggeessan diriiruu akka qabu ibsaniiru. Naannoon Daldala Walaba Ardii Afrikaas sirna daldala biyyoota Afrikaa gidduu jiru haala mijeessuuf yaada uumuun gahee isaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama dijitaalaa irratti guddina milkaa’aa agarsiisaa akka jirtus barreessaan onaanaa kuni hubachiisaniiru.
Naannoo Oromiyaatti hojii misooma bishaan kuufamaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetamaa ture bu’a qabeessa dha
Dec 11, 2025 55
Mudde 02/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti hojii misooma bishaan kuufamaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetamaa ture bu’a qabeessa ta’uu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse. Hojii itti fayyadama bishaan kuufamaafi misooma qabeenya uumamaa bona baranaa milkaa’aa taasisuuf leenjiin ogeessota damee kanarra jiraniifi hoggantootaaf magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gaadaatti kennamaa jira. Hogganaan waajjirichaa obbo Geetuu Gammachuu akka ibsanitti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kana waktii bonaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetama. Naannichatti waggoottan torba darbanitti hojiiwwan kunuunsa biyyeefi bishaaniif taasifameen, milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu ibsuun, lafti qullaa turte damdamachuu,dhiqamni biyyaa hir’achuu,lolaaniifi hongeen hir’achuu himaniiru. Dabalataanis kunuunsi qabeenya uumamaa kuni haala dhiibbaa qilleensaa damdamachuu,oomishaafi oomishtummaan akka dabalu taasisuufi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa bahataa jira jedhan. Bara darbe naannichatti hojiin daagaa hidhuu,bishaan cimmisuu kan hojjetamaniifi sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman kunuunfamaa jiraachuu eeraniiru. Hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa taasifame kanaan,burqaawwan badanii turan deebi’uu,haroon gogee ture bishaan kuufachuu jalqabuu eeraniiru. Kunis qamadii jallisii boneen misoomu bishaan gahaa ta’een akka misoomu kan dandeessise ta’uu ibsuun, horsiisa qurxummii fi tajaajila bishaan dhugaatiif kan oolu ta’uu ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun, lafa beeyladoota irraa bilisa gochuun,lafti suni akka damdamatu taasifamuun, biqilootaan uwwifamuu eeraniiru. Bu’aa damichaan argame daran cimsuuf bara kana hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii fi misooma bishaan kuufamaa raawwachuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru. Kanaafis bishaan kuufamaa kuma shaniifi 930 adda baafamuu eeruun, hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii fi misooma bishaan kuufamaa irratti namoota miliyoona 9.8 hirmaachisuuf qophiin gahaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti  Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera-Dr. Biqilaa Hurrisaa 
Dec 11, 2025 74
Mudde 02/2018(TOI)- Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera jedhan Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa. Yaadama bara koloneeffataan faaydaa mirkaneeffachuun akka hin danda’amne dubbataniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Doktar Biqilaa Hurrisaan Miidiyaa Palsi Of Afrikaa waliin haasaa taasisanin, Ministirri Dhimma Alaa Gibtsii Mahaammad Abdallaattii dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa ilaachisee yaada kennan cimsanii balaaleffataniiru. Masiriin yaada nagaafi tasgabbii booressu irraa of qusachuu qabdi jedhaniiru. Dabalataanis yeroon seenessa koloneeffataa Masriin laga Abbayyaa irratti adeemsisaa jirtu barri isaa irra darbeera jedhani. Yaanni Ministira Dhimma Alaa Masriin dhiyaate yaada yeroo ammaa kan hin madaalle ta’uu eeraniiru. Masiriin Laga Naayil anumti qofaan olaantummaan fudhachuu qaba kan jettu seenessa yeroo hin madaalle waan ta’eef nageenya naannawaafis sodaa keessaa kan galchu dha jedhani. Yaanni isaanii kuni immoo faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan faallessuufi fudhatama kan hin qabne ta’uu himani. Mootummaan Masirii Itiyoophiyaan akka hin tasgabboofneef garee ergamtootaa deeggaruun,filachuun hojiitti bobbaasuu eeruun,kuni amala itti gaafatamummaa hin qabne goolii uumuu ta’uu ibsaniiru. Gama mirga itti fayyadama bishaanii fi tumsa naannootiin yaada isaanii kan kaasan Ministirri kun, Itiyoophiyaan laga Abbayyaa harka caalu kan ishee uwwisu qabeenya ishee fayyadamuuf mirga seeraa qabdi jedhan. Gama biraatiin, gaaffiin Itiyoophiyaa mirga abbummaa ulaa galaanaa seera qabeessaa fi qajeelfama irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Hawaasni Idil Addunyaas gaaffii mirga abbummaa kana beekamtii kennaa jiraachuu ibsaniiru. Ejjennoon Masriin laga Abbayyaa qofatti fayyadamuu ishee yeroon kan irra darbee fi yaada koloneeffataa ta’uu isaa, akkasumas yaadaafi mala yeroon barbaadu waliin kan wal hin simne ta’uu akeekaniiru. Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera jedhani. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Filannoon biyyoolessaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffama 
Dec 9, 2025 345
Sadaasa 30/2018(TOI)-Filannoon Biyyoolessaa 7ffaan baranaa Caamsaa 24 bara 2018 akka gaggeeffamu Boordiin Filannoo biyyoolessaa beeksise. Boordiin filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf hojiiwwan haalduree filannoo duraa ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kenneera. Hoggantuun boordii filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu boordichi hojii filannoon duraa hanga ammaatti hojjetee fi dhimmoota Kanaan walqabatan ilaachisuun ibsa taassisaniiru. Filannoo biyyoolessaa 7ffaa gaggeessuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa turuu ibsaniiru. Waajjiraalee damee gurmeessuu fi buufanni filannoo Mijataa akka ta’u hojiin hojjetamuu ibsaniiru. Paartiileen siyaasaa sagantaasaanii ummatatti akka beeksisaniif leenjiin kennameera. Galmeen kaadhimamtootaa karaa sooftiweerii akka gaggeeffamu ibsaniiru. Kanaafis paartiileen yookiin dhuunfaan kan dorgoman of galmeessuuf akka hojjetan ibsuun, kanaafis boordichi leenjii kennuu dubbataniiru. Akkasumas warri filatan sooftiweerii boordichaan misoomeenii fi hojmaata ammaan dura tureen galmee akka gaggeessan dubbataniiru. Filattoonni odeeffannoo galmeef dhiheessan haaluma ammaan duraan kan itti fufu ta’uu beeksisaniiru. Eeyyama taajjabdummaa warra gaafataniif sooftiweerii Boordichi hojjeteen kennuuf adeemsa dhumaarra jiraachuu dubbachuun, Caamsaa 24 bara 2018 guyyaa sagaleen kennamu ta’uu eeraniiru. Wantoota kanaaf gargaaran ilaalchisee marii fuulduratti qabaniin qaamolee qooda fudhattoota dhimmichi ilaallatu waliin mariin akka gaggeeffamu dubbataniiru.
Naannoo Harariitti  hojii nagaa fi tasgabbii  cimsuun itti fufa – Itti Aantuu  Bulchaa Roozaa Umar  
Dec 9, 2025 191
Sadaasa 30/03/2018(TOI)- Naannoo Harariitti hojii nagaa fi tasgabbii cimsuu ittifufa jechuun Itti Aantuun Bulchaa Naannichaa Roozaa Umar dubbatan. Gidduu gala leenjii Ajaja Bahaa qaamolee nageenyaa Naannoo Hararii leenjii fudhachaa turan har’a eebbifamaniiru. Itti Aantuun Bulchaa Naannichaa Roozaa Umar sirna eebbaa sanarratti argamuun akka jedhanitti, naannichatti nagaa fi tasgabbii cimsuurratti hojiin bu’aa qabeessi raawwatameera. Kanaafis qaamoleen nageenyaa ummataa fi gurmaa’insootni nageenyaa hojii qindoominaan hojjetan qooda olaanaa gumaachuu dubbataniiru. Misoomaa fi guddina caalaatti dagaagsuu hojiiwwan eegalaman cimanii akka itti fufan Aadde Roozaan ibsaniiru. Raayyaa ittisa biyyaatti Ajajni Bahaa birmadummaa biyyaa fi nageenya uummataa eeguuf ergamasaa ciminaan bahaa jira jechuun Itti Aanaan Iizzii Bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee ibsaniiru. Keessumaa Iizzichi qaxanichatti tasgabbii fi misooma dabalatee dameelee hundaan hojiin raawwatan bu’aa argamsiisaa jira jedhaniiru. Iizzichi hojii hojjechaa jiru gara fuulduraattis cimsee akka ittifufu mirkaneessaniiru. Raayyaa Ittisa biyyaatti Iizziin Bahaa qaamolee nageenyaa naaannichaaf leenjii kennuun deeggarsa taassisaniif Itti Gaafatamaan Biiroo Nagaa fi Tasgabbii Naannichaa Obbo Toofiiq Mahaammad galateeffataniiru. Saganticharratti Qondaaltonni Olaanoon waraanaa Raayyaa ittisa biyyaa Ajaja Bahaa Somaalee, Hoggantoonni Olaanoon Naannoo Hrarii fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Hawaasummaa
Oromiyaatti miidhaa Dubartootaa fi Daa'imman irra ga’u hir’isuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira - Biiroo Dhimmaa Dubartootaa fi Da'immanii
Dec 11, 2025 38
Mudde 2/2018(TOI)–Naannoo Oromiyaatti miidhaa daa'immanii fi dubartootarra ga'u hiri’isuu fi fayyadamummaa isaanii gama hundaan mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Oromiyaa beeksise. Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan kan qophaa'uu sagantaan Gumii Balballoomii irratti hoggantoonni Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imanii fi ogeeyyiin seeraa Biiroo Haqaa naannichaa mari’ataniiru. Sagantaa kanaanis naannichaatti mirga dubartootaa fi daa'immanii kabachiisuu akkasumas miidhaa dubartootaa fi daa'immanirra gahu hir'isuuf hojii hojjetama jiru irratti mari'atameera. Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas godinaalee Oromiyaa 16 fi magaalaatoota 14tti miidhaa dubartootaa fi daa'immanirra gahuu ilaalichisuun qorannoo taasise haala ka’umsa marichaaf ta’uun dhiheesera. Qorannoo kanaanis naannichaatti hojiileen mirgaa dubartootaa fi daa'immanii kabachiisurratti erga jijjiirama asii hojjetameen jijjiiramni fooyyee qabu argamus; bakka tokko tokkotti garuu ammas miidhaan jiru furmaata waaraa kan hin arganne ta'uu ibsameera. Keessattu iddoo qorannoon kun itti taaisifame tokko tokkootti yakki gudeeddii, godaansa seeraan alaaf dubartoonni akka saaxilaman taasisuu, hirmaannaan dubartoonni sekteraalee hojii mootummaa keessatti qaban sadarkaa gandaa fi aanaatti xiqqaa ta'uu qorannoo kanaan hubatamuu Biirichii ibseera. Waltajicharratti argamuun qorannicha irratti yaada kan kennaan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Aadde Mabiraat Baacaa naannichatti mirga dubartootaa fi daa'immanii kabachiisuu fi fayyadamummaa isaanii gama maraan mirkaneesuu irratti xiyyeeffannoo addan hojjetama jira jedhaniiru. Biirichi mirga dubartootaa fi daa’immanii kabachiisuu, miidhaa dubartootaa fi daa’imanirra gahu hiri’isuu fi kanneen miidhaan irra gaheef deeggarsa barbaachisu taasisuu irratti qooda fudhatoota biroo waaliin qindaa’ee hojjecha jirachuus eeraniiru. Hojiin qindoominaa fi walitti fufinsa qabu hojjetamuus ammas bakka tokko tokkotti rakkoon kun jiraachuu ibsaniiru. Rakkoo kana waraan furuufis hojiin gama adda addaan dubartoota gahoomsuu fi miidhaa dubartootaa fi daa’immanirra gahu hir’isuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetama jiraachuu himaniiru. Miidhaa dubartootaa fi daa’imanirra gahu hiri’isuuf hirma nnaan hawaasaas cimuu akka qabu hubachiisaniiru.
Dhaabbileen barnoota olaanoo tumsaan waliin hojjechuun irra jireessa bu’a qabeessa akka ta’an xiyyeeffannoon kennameera
Dec 11, 2025 29
Mudde 02/2018(TOI)- Dhaabbileen Barnoota olaanoo ergama isaaniin adda baafamanii tumsaan waliin hojjechuun irra jireessa bu’a qabeessa akka ta’an xiyyeeffannoon kennamuufii ministeerri barnootaa ibse. Waldaan kompireensiivii Yuunivarsiitii Waliigalaa Itiyoophiyaa Yaa'ii Waliigalaa 2ffaa isaa Yuunivarsiitii Waraabeetti gaggeesseera.   Yaa’icha irratti bakka bu’aan Ministira Barnootaa fi Hogganaa Deeskii Tajaajila Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaa kan ta’an doktar Iyyoob Ayyaanoo akka ibsanitti, ministeerichi dhaabbilee barnoota olaanoo qulqullina barnootaa mirkaneessuun ergama qaban adda baasee hojiitti seenuu isaa ibsaniiru. Dhaabbileen kunneen hojii baruufi barsiisuu isaanii sadarkaa qorannoon, saayinsii appilaayidii (hojii qabatamaan agarsiisuu), fi sadarkaa kompireensiiviitti adda baafamanii sirna baruufi barsiisuu isaanii irratti argamu. Dhaabbileen barnoota olaanoo uumama naannoo isaaniitti fayyadamanii bu’a qabeessa akka ta’aniif hojiin hojjetamuu eeruun, kaayyoon yaa’ii kanaas inni guddaan kana galmaan ga’uuf ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen kunneen ergama isaanii qindoominaan waliin hojjechuunii fi qulqullina barnootaatiif gumaacha akka taasisan ministeerichi ciminaan hojjechaa akka jirus beeksisaniiru.   Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gaambeellaa fi walitti qabaan kompireensiivii Waldaa Yuunivarsiitii Waliigalaa kan ta’an doktar Dirribaa Itichaa akka ibsanitti, baruufi barsiisuu fooyyessuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, waldaan kun kaayyoo kanaaf kan hundeeffame ta’uu ibsaniiru. Yaa’iin waliigalaa kun qabeenya muraasa sadarkaa biyyaatti jiru sirnaan fayyadamuuf tumsaa fi qindoominaan akka itti fayyadamnu kan gargaaru dha kan jedhani immoo Pireezidaantii Yuunivarsiitii Qabrii Dahaar injiinar Abdulfattaa Ahimad dha.   Yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu isaatiin dhaloota gahumsa qaban boru biyya bakka bu’anii tajaajilan horachuuf ergama isaa bahachaa jiraachuus hubachiisaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Waraabee Injiinar Toofiq Jamaal (PhD), akka jedhanitti, yunivarsiitiiwwan kompireensiivii lammiilee beekumsa qaban, ogummaa qabanii, fi namuusa gaarii qaban horachuuf ergama itti kenname ta’uu himaniiru.   Yuunivarsiitichi sanyii talbaa qorannoodhaan argamee fi kanaan dura naannoo sanatti hin baramne dabalatee loozii naannoo sana waliin wal simsiisuun,gabaa biyya keessa qofaaf osoo hin taanee gabaa biyya alaatti ergamuun gumaachaa jiraachuu eeraniiru. Yaa’ii waliigalaa kanarratti pireezdaantonni dhaabbilee barnoota olaanoo 21 Ministeera Barnootaatiin yunivarsiistii kompireensiivii jedhamanii kan adda baafaman hirmaataa jiru.
Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa dhaabbilee irratti mudatan ciminaan balaaleffachuunii fi iitisuun milkaa’ina biyyoolessaa gurguddoo galmeessaa jira
Dec 10, 2025 119
Mudde 01/2018(TOI)- Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa dhaabbilee irratti mudatan ciminaan balaaleffachuunii fi iitisuun milkaa’ina biyyoolessaa gurguddoo galmeessaa jiraachuu itti aanaan Minitira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan. Guyyaan Farra Malaammaltummaa Idil-addunyaa 22ffaan mata duree "Dhaloota Naamusaan, Dhaabbata Hojmaataan” jedhuun yaadannoo Golambaa injifannoo Adawaatti kabajameera. Itti aanaan ministeera muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniin, malaammaltummaan sababa kufaatii naamusaa fi dadhabbina dhaabbilee ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gocha badaa kana ittisuuf bu’uura hammattoo seeraa fi dhaabbata diriirsuun waggoota kurnan lamaaf hojjechaa jirti jedhan. Erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee jalqabee, Koreen Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa hundeeffamuu dabalatee, adeemsa malaammaltummaa biyyaalessaa madaaluu, hubannoo uumuu, furmaata itti fufiinsa qabu adda baasuuf hojiiwwan hojjetamaa akka turan eeraniiru. Milkaa’inoonni biyyaalessaa galmaa’aa kan jiran, mootummaan ida’amuu malaammaltummaa mootummaa ciminaan balaaleffatu waan ta’eefidha jedhaniiru. Fakkeenyaaf, dhaabbileen haaromsa irratti xiyyeeffatan malaammaltummaa qolachaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa jajjabeessuun hojiiwwan badaa dafanii sirreessaa akka jiran wayita daawwannaan taasifame hubatamuu ibsaniiru. Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuramuun, dhaabbileen misoomaa bajata dhabanii kisaaraa keessa turan, hanqina baajata guutuun dhaabbileen misoomaa bu’aa argamsiisuun xumuramuu, kaffaltoonni gibiraa badhaasa argatan hundi isaanii malaammaltummaa jibbuun agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru. Qabeenyi mootummaa karaa malaammaltummaa fi yakkoota birootiin hatame,karaa hawaasa fayyaduun akka deebi’u haala dandeessisu uumuun labsiin qabeenya deebisuu kanaan dura hanqina qabu ture fooyya’uu isaa eeraniiru. Malaammaltummaa hambisuufi to’achuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeruun, akka fakkeenyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo(MESOB), iftoominaafi itti gaafatamummaa uumuun malaanmaltummaa ittisuuf shoora olaanaa qaba jedhani. Gama biraatiin malaammaltummaa ittisuuf furmaanni waaraa dhaloota namuusaan ijaaruufi lammiilee malaammaltummaa balaaleffatu uumuu akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Malaammaltummaan sadarkaa biyya diiguu irra gahee ture yeroo ammaa wal’aansoo cimaan dhaabsifneerra jedhani. Dhaloota namuusaan ijaaruu, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbilee ammayyeessuun, seera malaammaltummaa ittisuuf bahe kabachiisuuf hunduu kutannoo qabaachuu qaba jedhan.
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti hojii misooma bishaan kuufamaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetamaa ture bu’a qabeessa dha
Dec 11, 2025 55
Mudde 02/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti hojii misooma bishaan kuufamaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetamaa ture bu’a qabeessa ta’uu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse. Hojii itti fayyadama bishaan kuufamaafi misooma qabeenya uumamaa bona baranaa milkaa’aa taasisuuf leenjiin ogeessota damee kanarra jiraniifi hoggantootaaf magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gaadaatti kennamaa jira. Hogganaan waajjirichaa obbo Geetuu Gammachuu akka ibsanitti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kana waktii bonaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetama. Naannichatti waggoottan torba darbanitti hojiiwwan kunuunsa biyyeefi bishaaniif taasifameen, milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu ibsuun, lafti qullaa turte damdamachuu,dhiqamni biyyaa hir’achuu,lolaaniifi hongeen hir’achuu himaniiru. Dabalataanis kunuunsi qabeenya uumamaa kuni haala dhiibbaa qilleensaa damdamachuu,oomishaafi oomishtummaan akka dabalu taasisuufi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa bahataa jira jedhan. Bara darbe naannichatti hojiin daagaa hidhuu,bishaan cimmisuu kan hojjetamaniifi sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman kunuunfamaa jiraachuu eeraniiru. Hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa taasifame kanaan,burqaawwan badanii turan deebi’uu,haroon gogee ture bishaan kuufachuu jalqabuu eeraniiru. Kunis qamadii jallisii boneen misoomu bishaan gahaa ta’een akka misoomu kan dandeessise ta’uu ibsuun, horsiisa qurxummii fi tajaajila bishaan dhugaatiif kan oolu ta’uu ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun, lafa beeyladoota irraa bilisa gochuun,lafti suni akka damdamatu taasifamuun, biqilootaan uwwifamuu eeraniiru. Bu’aa damichaan argame daran cimsuuf bara kana hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii fi misooma bishaan kuufamaa raawwachuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru. Kanaafis bishaan kuufamaa kuma shaniifi 930 adda baafamuu eeruun, hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii fi misooma bishaan kuufamaa irratti namoota miliyoona 9.8 hirmaachisuuf qophiin gahaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Oomishtummaa beeyladaa guddisuuf sanyiiwwan fooyyessuun hojiiwwan bu’a qabeessi jalqabaman ciminaan itti fufu
Dec 10, 2025 98
Mudde 01/2018(TOI)- Hojiin bu’a qabeessummaa sanyiiwwan fooyyessuudhaan oomishaa fi oomishtummaa beeyladaa guddisuuf jalqabame cimee itti fufuu akka qabu itti aanaan daariktara Olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa doktar Daanyaachoo Bayyanaa ibsaniiru. Waggoota jijjiirama darban keessatti qabeenya damee qonnaa keessatti milkaa’ian gaariin akkuma argame, oomishtummaa beeyladaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus kan gaarii ta’uu ibsameera. Keessattuu erga maaddiin guutuu hojiirra oolee as oomishtummaan beeyladaa haalaan dabaluun jireenya namoota hedduu jijjiiruun, fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu akka danda’e hubatameera. Itti aanaan daariktara Olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa doktar Daanyaachoo Bayyanaa akka jedhanitti, inistituutichi loon maalaa dabalatee sanyiiwwan beeyladaa fooyya’aa oomishuun, bu’aawwan horii irraa argaman akka dabalu taasiseera. Keessattuu, sanyiiwwan biyya alaa oomisha olaanaa argamsiisuu danda’an saawwaniifi goromsawwan diqaalomsuun sanyiiwwan fooyya’oo ta’an horsiisaa jiraachuu himani. Kunis tikfattoonniifi qonnaan bultoonni sanyii beeyladaa fooyya’aa ta’e akka argatan kan taasise yoo ta’u, oomishni beeylada isaanii irraa argatan baay’inaafi qulqullinaan dabalaa akka jiru himaniiru. Sagantaan Maaddii Guutuu Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin hojiirra oole kanaaf xiyyeeffannoo guddaa argachaa jiraachuu eeraniiru. Gara fuuladuraattis tooftaa walhormaata namtolcheen diqaalomsuu, itti fayyadama teeknooloojiiwwan adda addaa, akkasumas leenjii ogeessotaaf ogummaa dabalataa kennuun cimee itti fufa jedhaniiru. Inistituutichi bara bajataa kanatti saawwaniifi goromsoota miliyoona 4.9 diqaalomsuuf karoora kan qabate yoo ta’u, karoora isaa galmaan ga’uuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera. Itti Gaafatamaan Giddugala Misooma Beeyladaa Hoolataa doktar Araarsaa Dhugumaa gama isaaniitiin, giddugalichi fayyadamummaa Itiyoophiyaan damee beeyladaa mirkaneessuuf hojjechaa jirtu galmaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Sanyiiwwan fooyyessuu, ogeessota leenjisuu fi nyaata beeyladaa oomishuu fi kanneen biroo irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugalichi goromsawwan fooyya’oo ta’an fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasisaa akka jirus eeraniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha
Dec 11, 2025 50
Mudde 02/2018(TOI)- Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha jechuun ibsan Barreessaa Olaanaan Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee. Daldala biyyoota Afriikaa mijeessuuf maallaqa waloo hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uus cimsanii dubbataniiru. Yaa’iin Waggaa Kaffaltii Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2ffaa gaggeeffameera. Barreessaa olaanaan naannoo daldala walaba ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee yaa’icha irratti akka jedhanitti, daldala Afrikaa keessaa waggaatti doolaara biiliyoona shan ta’u bittaa fi gurgurtaa raawwatamu haala mijeessuudhaan galma maallaqa waloo qabame ardii kanaaf galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Barreessaan olaanaan kuni akka jedhanitti daldalli ardii kanaa maallaqa qaama sadaffaatiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis lammiilee Afrikaa baasii hin barbaachifneef saaxilaa jira. Daldala biyyoota Afrikaa gidduutti adeemsifamu baasii kan qusatu, ammayyaa fi saffisaa taasisuuf maallaqni waloo ardii hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru. Daldala ardii kanaa keessattis sirni saffisa qabu kan biyyoonni maallaqa ofiitiin daldala gaggeessan diriiruu akka qabu ibsaniiru. Naannoon Daldala Walaba Ardii Afrikaas sirna daldala biyyoota Afrikaa gidduu jiru haala mijeessuuf yaada uumuun gahee isaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama dijitaalaa irratti guddina milkaa’aa agarsiisaa akka jirtus barreessaan onaanaa kuni hubachiisaniiru.
Miidiyaaleen Faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi Ijaarsa Seenessa walorratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabu
Dec 11, 2025 39
Mudde 2/2018(TOI)- Miidiyaaleen Faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi Ijaarsa Seenessa walorratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Mana Maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan Koree dhaabbataa Dhimmoota Dimokiraasii Unatuu Allanaa ibsan. Miidiyaan sirna Dimokiraasii dagaagsuuf, iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, Hawaasa dammaqee fi guddina Dinagdee mirkaneessuuf , dhaqqabamummaa odeeffannoo fi barsiisuun qooda olaanaa qabaachuun ni beekkama. Mana Maree Bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan Koree dhaabbataa Dhimmoota Dimokiraasii Iwunatuu Allanaa TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaatti hojiiwwan Aadaa Dimokiraasii dagaagsan, tokkummaa cimsanii fi faayidaa biyyoolessaa eegsisan hojjetamaa jiru. Ijaarsa Sirna Dimokiraasii keessatti yaadni caalmaa fi hedduumminni murteessaadha kan jedhan walitti qabaan kun, kanaafis shoora Miidiyaa guddisuuf hoj-maanni mijataan diriirfamuu dubbataniiru. Kanaafis odeeffannoowwan tamsa’an faayidaa biyyoolessaa kan hin miine, waloomaa fi tokkummaa ummattootaa kan hin diigne ta’uu qaba jedhaniiru. Miidiyaan qabiyyee dabarsu irratti garaagarummaan jiraachuun akka hin oolle ibsuun, ergaawwan darban ka’umsa walitti bu’insaa, akka hin taane of eeggachuu akka qaban hubachiisaniiru. Itiyoophiyaanonni kabaja biyyaa fi faayidaa biyyoolessaaf tokkummaa fi ejjennoon akka hiriiran Injifannoon Adawaa mallattoo barri hin jijjiirredha kan jedhan dura taa’aan kun keessuma dhimmicharratti garaagarummaan jiraatanis biyya dursuu qabu jedhaniiru. Miidiyaan faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi ijaarsa seenessa waloorratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban cimsanii ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu dhaqqabamummaa Digiitaalaarraa gara badhaadhina walootti imala egalame milkeessuuf ciminaan ni hojjeta-Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Dec 9, 2025 150
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Mootummaan ida’amuu dhaqqabamummaa Dijiitaalaarraa imala gara Badhaadhina walootti eegalame milkeessuuf, Kalaquun, saffisuu fi guddina Ariifataan fiduuf ciminaan akka hojjetamu Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa mataduree “Dinagdee Dijiitaalaa Ijaaruun filannoo osoo hin ta’iin caalmaadha”jedhuun fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin ergaa har’a dabarsaniin, har’a yaa’ii kaffaltii Dijiitaalaa Itiyoophiyaa ifatti eegalchiisuusaanii ibsaniiru.   Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’aa qabeessummaan hojiirra ooluun, lammiileef tajaajila si’ataa, fi baasii qusatu dhaqqabamaa taassisuun olitti, sochii jireenyaa guyyaa guyyaa salphisuurratti akka argamu dubbataniiru. Dabalataanis sirna gurgurtaa elektiroonikii fi Dijiitaalaa daandii kaffaltii filatamaa akka ta’u dandeessisuu dubbataniiru.   Kunis jireenya ummataa fi tajaajila mootummaa filannoon olitti caalmaa kan qabu akka ta’u ni dandeessisa jedhaniiru. Sirna kaffaltii dijiitaalaa waggoottan shanan darban diriirfaman keessatti waggaa waggaan daddabarsi birrii Tiriiliyoona 18 tuqaa 5 ol raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Milkaa’ina kana caalaatti itti fufsiisuun taarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 badhaadhina hunda galessa milkeessuuf qabate yeroo dhihoo mana maree Ministeerotaan ragga’uusaa yaadachiisaniiru.   Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa Dijiitaalaa cimsuu, dhaqqabamummaa qofa osoo hin ta’iin fayyadamummaa babal’isuuf dandeettii gabbisuu fi kalaqa rakkoo furu jajjabeessuuf kan kaayyeffate ta’uu eeruun milkaa’inasaaf huundinuu qoodasaa bahu akka qabu hubachiisaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Mootummaa Ida’amuu dhaqqabamummaa Diliitaalaarraa Imala gara badhaadhinaa eegalle milkeessuuf qajeeltoowwanKalaquun, saffisuu fi guddina galmaga’uuf ni tatttaafata jechuun ibsaniiru.  
Gidduu galichi Midhaan Omishtummaansaanii qorannoon mirkanaa’e beeksisaa jira
Dec 9, 2025 101
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Gidduugalli qorannoo Qonnaa Asoosaa omishtummaansaanii qorannoon kan mirkanaa’e sanyii Bisingaa fi Atooboonsituu beeksisaa jira. Gidduugalichattii fi ooyruu qonnaan bulaarratti sanyii Bisingaa fi Atooboonsituu kilaastaraan omishuun hojiin beeksisuu hojjetamaa jiraachuu Daaraktarri Gidduugalichaa Dastaa Baqqalaa TOI’f ibsaniiru. Bu’uuruma Kanaan gidduugala qorannichaatti lafa hektaara 81 irratti bisingaan kilaastaraan misoomaa jiraachuu eeraniiru.   Sanyiiwwan bisingaa qorannoon fooya’ana “Asoosaa tokko” fi “Asoosaa lama” kan jedhaman ooyruu qonnaan bulaarratti hektaararraa omisha hanga kuntaala 35 akka kennan eeraniiru. Gama biroon Godina Asoosaa Aanaawwan adda addaatti lafa hektaara 32 ol irratti midhaan Atoo boonsituun kilaasteraan misoome qonnaan bulaan barsiifamaa jira. Hanga ammaatti faayidaarra oolaa kan jiru sanyiin Atoo boonsituun Gishaamaa sanyiin bakka bu’an “Andinat” fi “Xaanaa balas “ kan jedhaman barakana misoomsuun qonnaan bulaa beeksisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.   Sanyiiwwan Atoo boonsituu kun yeroo gidduu galeessaatti kan gahan , omishtummaan saanii kan mirkanaa’e, olka’insa galaanarraa meetira 700 hanga kuma 1 fi 860 olitti kan madaqanii fi dhukkuba dandamachuuf humna guddaa kan qaban ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultootni 88 Bisingaan akkasumas, Qonnaan bultootni 76 Atoo boonsituu misoomsuu fi beeksisuurratti himaachuusaanii daarektarichi dubbataniiru. Walii gala gidduugalichi midhaanii fi beelladoota adda addaarratti hojii teekinooloojii beeksisuu aanaawwan adda addaatti hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Ispoortii
Taphni Hawwiin eegamaa ture Maanchisteer Siitiin Riyaal Maadriidiin injifate
Dec 11, 2025 78
Mudde2/2018(TOI)- Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni hawwiin eegamaa ture Maanchisteer Siitiin Riyaal Maadiriidiin 2 fi 1n injifate. Tapha galgala Istaadiyeemii Saantiyaagootti gaggeeffameen Niikoo Ora’iyiliin galchii galcheen , Arlingiton Haaland ammoo rukkuttaa adabbiitiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Roodirigoon galchii tokkicha Riyaal Maadiriidiif galcheera. Taphicharrattii Maanchisteer Siitiin walakaa jalqabaarrattii fi Riyaal Maadiriid walakkaa lammaaffaarratti caalmaa fudhatanii taphataniiru. Bu’aasaa hordofuun Maanchisteer Siitiin qabxii 13n Sadarkaasaa gara 4ffaatti ol guddiseera. Injifataan dorgommichaa yeroo 15ffaa Riyaal Maadiriid qabxii 12n sadarkaa 8ffaa qabateera. Arliingi Haalaand Shaampiyoonsi Liigiin taphoota 50n galchii 51 kan lakkoofsise taphataa jalqabaa ta’ee rikaardii haaraa galmeessiseera. Sagantaa biroon kilabiin Arseenaal Biruuzyiyaa 3 fi 0 injifateera. Tapha Istaadiyeemii Jaan Bireeyideelitti gaggeeffameen, Noonii Maduweekee galchii lama yoo lakkoofsisu Gabri’eel Martineliin galchii hafe lakkoofsiseera. Arsenaal qabxii 18n dursummaasaa mirkaneeffateera. Arsenaal Shaampiyoonsi Liigichatti taphoota hunda injifachuu danda’aniiru. Kilabiin Biruuzyiyaa qabxii 4n sadarkaa 31 qabateera. Injifataan yerichaa PSG Atileetikoo Biilbaa’oo waliin galchii malee qixaan adda bahaniiru. Juveentus galchii Jonatan Deevidii fi Weestoon Maakeeniin galchaniin Paafoos 2 fi 1n injifate. Benefiikaan Napooliin 2 fi 0 injifateera. Baayer Leeverkusen Niwuukaastil Yunaayitidii waliin ,Boruushiyaan Doortimundiin Boodoo Gilimti waliin haala walfakkaatuun 2 qixaan adda ba’aniiru. Tapha har’a dursee gaggeeffameen Ayaakis Karabagin 4 fi 2 Kopenhagen Viyariyaaliin 3 fi 2n injifateera
Shaampiyoonsi liigichaan taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu
Dec 9, 2025 168
Sadaasa 30/03/2018(TOI)- Shaampiyoonsi Awurooppaatiin taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti sagantaa tapha 6ffaan har’a eegala . Galgala sa’aatii 2:45 irratti Baayer muniik Ispoortiingi waliin istaadiyeemii Liizban Aliyaanzi Areenaatti ni taphatu. Bara kana waltajjii Awurooppaaf Imala gaarii taassisaa kan jiru Baayer Muniik qabxii 12n sadarkaa 3ffaa qabateera. Morkataansaa Ispoortiingi Liizban qabxii 10n sadarkaa 8ffaa qabateera. Baayer Muniik yoo injifate sadarkaasaa gara 2ffaatti ol guddisa. Intarmiilaan Liivarpuul waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Juseeppee Mi’eezaatti taphni gaaggeessan ni eeggama. Gareen Xaaliyaanii qabxii 12n sadarkaa 4ffaa qabateera. Liivarpuul qabxii 9n sadarkaa 13ffaa qabateera. Injifataan dorgommichaa yeroo sadii Intarmiilaan fi abbaan Waancaa yeroo ja’aa Liivarpuul taphni gaggeessan wal morkiin madaalawaan ni gaggeeffama jedhameetu eeggama.   Sagantaawwan biroon Atilaantaan Chelsii waliin, Baarseloonaan, Intiraakti Firaankifarti waliin, Tootinihaam Hootisparsi Islaaviyaa piraag waliin, PSV EIindhoven Atileetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin ,Yuuniyeen Seent Gilooso waliin sa’aatii wal fakkaatutti galgala sa’aatii 5:00 maarseel waliin tapahata. Taphoota birootiin ammoo Atalantaan Cheelsii waliin, Baarseloonaan Intraakt Firaankifart waliin, Tootinaam Hootspar Islaaviyaa Praag waliin, PSV ayindihoven Atleetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin, Yuuniyeen Seent Giiloos sa'aatii wal fakkaatutti galgala sa'aatii 5:00tti irratti Maarseel waliin ni taphatu. Kaayiraat Almaat Olompiyaaksi waliin galgala sa’aatii 12:30tti ni taphatu.
 Dursaan liigichaa  Itiyoo Elektirikiin    Kutaa Magaalaa  Boolee Waliin taphata
Dec 9, 2025 117
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Piriimar Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa sagantaa torbee 11ffaan har’a ni eegama. Guyyaa sa’aatii 7:00 Itiyoo Elektirikiin Kutaa magaalaa Boolee waliin Itaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Itiyoo Elektirikiin liigichatti taphoota 10 gaggeesseen injifateera. Taphichaan galchii 28 yoo lakkoofsisu galchii 5 keessummeesseera. Garichi qabxii 30n liigicha dursaa jira. Morkataansa kutaan Magaalaa Boolee Liigichaan taphoota 10 gaggeesseen 4 yoo injifatu yeroo lama mo’ameera. Taphoota hafan Afur immoo qixa baheera. Galchii 11 yoo lakkoofsisu galchii 10 keessummeesseera. Kutaan Magaalaa Boolee qabxii 16n sadarkaa 6ffaa qabateera. Itiyoo Elektiriik yoo injifate liigichaan dursummaasaa cimsa. Kutaan Magaalaa Boolee yoo injifate injifannoo itti fufaa galmeessa. Sagantaa Biroon Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Magaalaa Diree Dawaa waliin Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Injifataan liigichaa Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 8 gaggeesseen yeroo 7 yoo injifatu yeroo tokko qixaa baheera. Baankiin Daladala Itiyoophiyaa Taphoota 8 gaggeesseen yeroo 7 injifachuun Al-tokko qixa bahuunsaa ni yaadatama. Taphoota 8 taphateen galchii 26 lakkoofsisuun, galchii tokko keessummeesseera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphni 1 osoo isa hafuu qabxii 22n sadarkaa 4ffaa qabateera. Magaalaan Direedawaa Liigichaan taphoota 10n gaggeesseen 4 yoo injifatu yeroo 6 mo’ameera. Galchii 10 yoo lakkoofsisu galchii 15n keessummeesseera. Garichi qabxii 12n sadarkaa 9ffaa qabateera. Baankiin daldala Itiyoophiyaa yoo injifate sadarkaa 2ffaa magaalaa Hawaasaarraa fudhata. Morkataansaa Magaalaan Direedawaa torbee 10ffaan kutaa magaalaa Booleetiin erga mo’amee booda gara infifannotti deebi’uuf ni taphata.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jira
Dec 11, 2025 42
Mudde 02/2018(TOI)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibse. Sagantaan Ahaaraa Magariisaa kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin jalqabame, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaan taasisaa jirtu keessatti gumaacha olaanaa bahateera jedhame. Sagantaan kun fayyadamummaa dhaloota ammaa kan mirkaneesse; dhaloota egereef ammoo abdii kan kenne yoo ta’u, carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessattis gahee isaa ba’ataa jira.   Kanaaf yaa’ii haala qilleensaa addunyaa (COP-32) Biraazil magaalaa Beelam keessatti gaggeeffame irratti Itiyoophiyaan konfiraansii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa (COP-30) keessummeessuuf filatamuun ishee ni yaadatama. Ministeera Qonnaatti hojii gaggeessaa Misoomaa fi itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa fi Barreessaan Koree Teeknikaa Biyyaalessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Faanuusee Mokonnon akka jedhanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii gochaa jirtuuf deebii qabatamaa kennaa jira. Waggoota torba darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ol kan dhaabame yoo ta’u, kana keessaa dhibbeentaan afurtama kan biyya keessaa ta’uu eeruun, kanneen hafan ammoo gosa adda addaa akka ta’anis beeksisaniiru.   Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiqama biyyee hir’isuun,gabbina biyyee eeguun,oomishaafi oomishtummaan haala olaanaan akka dabalu gumaacha guddaa buuseera jedhani. Akkasumas burqaan lafa jalaa dabaluun, misooma jallisiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoota darbanitti kuduraalee fi muduraalee nyaataaf oolan dabalatee biqiltuuwwan biroo bal’inaan kan dhaabaman, galii maatii fi soorata maatii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa akka qaban eeraniiru. Biqiltoonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman bosona ta’aa akka jiran, kunis oomisha dammaaf haala mijataa uumuun, namoota horsiisa kanniisaa irratti bobba’aniif faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Itti dabaluunis dameelee hedduu irratti carraa hojii bal’aa uumuun keessumattuu dargaggootaafi dubartootaaf dinagdee isaani guddisaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoowwan hongeef saaxilamoo fi lafa qullaa hafan gara naannoo oomishaatti jijjiiruun wabii nyaataa mirkaneessuun gumaachaa akka jiru hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan COP 32 akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisanidha
Dec 10, 2025 83
Mudde 1/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (COP 32) akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisu ta’uu Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih ibsan. Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa yaada ministrri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 eegalame nageenya lafa naannawaa eegsisuun gumaacha olaanaa taasisaa jira. Kana hordofuun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 30ffaa Biraaziil Baallamitti gaggeeffamerratti yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa(COP 32) akka keessummeessitu filatamuunshee niyaadatama. Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih TOI’f akka ibsanitti, hojiilee humna hayidiroo elektiriikii, ashaaraa magariisaa fi misooma magariisaa biroon hojjetamaniin bu’aaleen qabatamaa galmaa’aniiru. Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hojiin hojjechaa jirtu rakkinicha ittisuuf kutannoo qabdu akka agarsiisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti hojiileen damee dinagdee magariisaan, human haaromfamuu fi misooma bosonaan hojjetaman Itiyoophiyaan yaa’ii COP 32 qopheessuuf akka filatamtu gumaachuusaa ibsaniiru. Yaa’iiwwan jijjiirama haala qilleensaa biyyootaa fi sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin hirmaannaan guddaa Itiyoophiyaan qabdu filatamuusheef ulaagaalee gargaaran keessatti akka eeraman ibsaniiru.
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 630
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.  
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15907
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 755
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015