Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Sochiin Marii dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf Gibxi itti jirtu haala yeroorraa kan fagaatedha-Ministeera dhimma alaa
Dec 3, 2025 56
Sadaasa 24/2018(TOI)- Sochiin anga’oota mootummaa Gibxi Marii hidha haaromsaa ilaalchisuun taasifaman dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf irra deddeebi’uun itti jirtu haqa jaarraa 21ffaa waliin kan hin deemnedha jechuun ministeerri dhimma alaa beeksise. Ministeerri dhimma alaa ibsa baaseen yaaliin mootummaan Gibxi laga Abbairratti olaantummaa bara koloneeffataa eegsisuuf irra deddeebi’ee taasisu yeroo kan hin madaalledha jechuun balaaleffateera. Itiyoophiyaan biyyoota yaa’a lagichaa waliin misoomuuf yoomiyyuu kutannoo akka qabdu ministeerichi ibsee, Ashaaraa fi seenaa Paan Afriikaa bara dheeraa kan qabdu itiyoophiyaan yaadamoota koloneeffataa durii gonkumaa hin fudhattu jedheera. Itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa, sababa qabeessaa fi walqixxummaarratti bu’uureffate hundaa’e yaad rime seera idil addunyaa ta’uu himee, Itiyoophiyaanis qabeenyashee fayyadamuuf qama kamirraayyuu eyyama gaafachuun irraa hin eegamu jechuun ibseera. Gibxi marii gamlamee cinaatti dhiisuun karaa kallattiis ta’e alkallattii maqaa balleessiin Itiyoophiyaarratti tamsaastu fudhatama hin qabu jedheera. Hawaasni idil addunyaa tuttuqaa Gibxi akka balaaleffatu ministeerichi gaafateera. Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Itiyoophiyaa ofdanda’uu Afriikaa kan agarsiisan akka ta’e beeksiseera. Itiyoophiyaan yaadota furmaataa tumsaa fi hunda fayyadaniif kutannoon akka hojjettu ibsa Kanaan eerameera. Itiyoophiyaan mirga laga Abbaayi dhaloota amma jiruu fi dhaloota boruuf fayyadamuuf qabdutti fayyadamuu cimsitee akka itti fuftu ministeerichi hubachiiseera. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI
Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti ni hojjetama
Dec 3, 2025 50
Sadaasa 24/2018(TOI)- Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu komishiniin gamtaa Afriikaa beeksise. Yaa’iin qonna dijitaalaa gamtaan Afriikaa yeroo jalqabaaf qopheesse xumurameera. Yaa’ichi mata duree Inniveeshinii fi furmaattota dijitaalaa dame qonnaaf fayyadamuun egeree Afriikaa ifa gochuu” jedhuun guyyoota sadan darbaniif gaggeeffamaa tureera. Gamtaa Afriikaatti komishinariin qonnaa, misooma baadiyyaa, dinagdee Buluu fi naannawa fulla’aa Mosas Vilaakaatii wayita kana, dame qonnaa Afriikaa gara guddina, wabii nyaataa fi dandeettii damdamachuu barbaadamutti guddisuuf qonni dijitaalaa qooda murteessaa akka qabu yaa’ii Kanaan mirkaneessuusaa eeraniiru. Haala Kanaan dame qonnaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonna dijitaalaarratti xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru. በጉባኤው Qonna keessatti shoorri dargaggootaa fi dubartootaa murteessaa ta’uusaa yaa’ii Kanaan mirkaneessuun akka danda’ame ibsaniiru. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Baay’isaa Badhaadhaa milkaa’ina qonna dijitaalaaf birmadummaa cimsuun sirrii ta’uu eeraniiru. Odeeffannoo qonnaa akka qabeenya tarsiimawaatti kunuunsuu, sirnoota Afriikaa keessaa dandeettii komunikeeshinii mirkaneessuu fi dargaggootaa fi dubartoota ga’oomsuudhaan qonna Afriikaa guddisuun ni danda’ama jedhaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan hojii jajjabeessaa raawwachaa akka jirtu dubbatan de’aataan ministiraa kun.
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba
Dec 3, 2025 32
Sadaasa 24/2018(TOI)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teekinooloojii doktar Ballaxaa Mollaa ibsan. Simpooziyeemiin Kilabii Daayimandii bara 2025 Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetiin qophaa'e mata duree " Egeree hammataa uumuuf hoggansa Dijitaalaa Addunyaa Cimsuu " jedhuun gaggeeffamaa jira. Haasaa baniinsaa simpooziyeemii kanarratti taasisaniin Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa rakkoolee addunyaa ulfaataa fi walxaxaa ta’an hiikuuf teeknooloojiin carraa fidee dhufuu ibsaniiru. Gama biraatiin teeknooloojii sirnaan fayyadamuu dhabuun qormaata haaraa uumuuf carraa akka qabu hubachiisaniiru. Qormaata kana furuuf biyyoonni tumsa isaanii daran cimsuu qabus jedhan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhiheenya kana ragga’e guddina diinagdee hunda hammate mirkaneessuu fi nageenya lammiilee guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabus cimsanii dubbataniiru. Guddinni dijitaalaa Itiyoophiyaa jajjabeessaa ta’uu eeruun; lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman sirna adda baasuu dijitaalaa keessatti hammatamaa akka jiran himaniiru. Babal’inni bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa fi guddinni kenniinsa tajaajila mootummaa elektirooniksiin taasifamu dabalaa jiraachuu himaniiru. Qormaatni iccitii odeeffannoo qabachuu, nageenyi saayibarii, fi hubannoo namtolchee mudatu biyya tokko qofaan furmaata argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Simpooziyeemiin har'aa kun yeroo marii qofa osoo hin taane gara hojiitti tarkaanfachiisu ta'uu qaba jedhaniiru.
Kan mul'ate

Yunivarsiitichi oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjataa jiru fakkeenyummaan kan ibsamuudha
Dec 3, 2025 33
Sadaasa 24,2018 (TOI)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojjechaa jiru fakkeenyummaan kan ibsamu ta'uun himameera. Yunivarsiitichi mataduree ‘Oomishtummaan qamadii milkaa'ina qonna keenyaaf’ jedhuun wiirtuu qorannoo Yunivarsiitichaa fi oyiruu qonnaan bultootaa kilaastara qamadiin misoomaa jiru qooda fudhattoota waliin daaw'annaa dirree gaggeesseera.   Daaw'annaa dirree qonnaa kanarratti kan argaman hogganaan itti aanaa Biiroo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Otukanaa Odaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa qooda fudhattoota adda addaa waliin ta’uun oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu ibsan. Wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuu dabalatee galmoota gurguddoo biroo galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuus dubbatan. Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa fi dhaabbileen barnoota olaanoo oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuu fi qormaata damicha keessatti mudate qorannoodhaan furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.   Yunivarsiitiin Madda Walaabuu adeemsa baruu fi barsiisuu bira darbee oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojiin hojjechaa jiru fakkeenyummaan kan ibsamu ta’uu eeraniiru. Hogganaa itti aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Dajanee Hirphaa akka ibsanitti, naannichatti lafa hektaara miiliyoona 10.tuqaa 8 midhaan adda addaatiin uwwifame irraa kuntaala miiliyoona 386 argachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himan. Mootummaan qonnaan bultoota mala qonnaa aadaa irraa gara mala qonnaa makaanaayizeeshiniitti ceesisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu daaw'annaa dirree aanaalee Baalee adda addaa keessatti gaggeeffameen arguu isaanii himan. Hojiin qorannoo Yunivarsiitii Madda Walaabuun oomisha qamadii dhukkuba dandamatuu fi oomisha fooyya’aa argamsiisu irratti hojjetamaa jiru abdachiisaa ta’uus ibsaniiru. Itti Aanaan Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Mu'awiyaa Fu'aad akka jedhanitti, godinichatti lafti hektaara kuma 528 ol oomisha midhaan gosa adda addaatiin misoomaa jiraachuu himan.   Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Doktar Birahaanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuun cinaatti qonnaan bultoonni hojii qonnaa fooyya’aa ta’e hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaa isaanii akka guddisan galteelee qonnaa fi deeggarsa ogummaa taasisaa jiraachuu eeran. Keessattuu, Yunivarsiitichi midhaan qamadii irratti qorannoo bal’aa gaggeessuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjachaa jiraachuu dubbatan. Waggoota afran darbanitti Yunivarsitichi qonnaan bultoota adda duree Baalee, Baalee Bahaa fi Arsii Lixaa kilaastaraan gurmaa’aniif deeggarsa galtee ogummaa fi qonnaa taasisaa turuun isaa jijjiirama oomishtummaa fideera jedhan.  

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Sochiin Marii dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf Gibxi itti jirtu haala yeroorraa kan fagaatedha-Ministeera dhimma alaa
Dec 3, 2025 56
Sadaasa 24/2018(TOI)- Sochiin anga’oota mootummaa Gibxi Marii hidha haaromsaa ilaalchisuun taasifaman dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf irra deddeebi’uun itti jirtu haqa jaarraa 21ffaa waliin kan hin deemnedha jechuun ministeerri dhimma alaa beeksise. Ministeerri dhimma alaa ibsa baaseen yaaliin mootummaan Gibxi laga Abbairratti olaantummaa bara koloneeffataa eegsisuuf irra deddeebi’ee taasisu yeroo kan hin madaalledha jechuun balaaleffateera. Itiyoophiyaan biyyoota yaa’a lagichaa waliin misoomuuf yoomiyyuu kutannoo akka qabdu ministeerichi ibsee, Ashaaraa fi seenaa Paan Afriikaa bara dheeraa kan qabdu itiyoophiyaan yaadamoota koloneeffataa durii gonkumaa hin fudhattu jedheera. Itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa, sababa qabeessaa fi walqixxummaarratti bu’uureffate hundaa’e yaad rime seera idil addunyaa ta’uu himee, Itiyoophiyaanis qabeenyashee fayyadamuuf qama kamirraayyuu eyyama gaafachuun irraa hin eegamu jechuun ibseera. Gibxi marii gamlamee cinaatti dhiisuun karaa kallattiis ta’e alkallattii maqaa balleessiin Itiyoophiyaarratti tamsaastu fudhatama hin qabu jedheera. Hawaasni idil addunyaa tuttuqaa Gibxi akka balaaleffatu ministeerichi gaafateera. Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Itiyoophiyaa ofdanda’uu Afriikaa kan agarsiisan akka ta’e beeksiseera. Itiyoophiyaan yaadota furmaataa tumsaa fi hunda fayyadaniif kutannoon akka hojjettu ibsa Kanaan eerameera. Itiyoophiyaan mirga laga Abbaayi dhaloota amma jiruu fi dhaloota boruuf fayyadamuuf qabdutti fayyadamuu cimsitee akka itti fuftu ministeerichi hubachiiseera. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hojiilee baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 raawwatan
Dec 2, 2025 243
Sadaasa 23/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 hojiilee ijoo biyyaalessaa fi idil addunyaa raawwataniiru. Yaa’ii hooggantoota garee 20 jalqabaaf ardii Afriikaa keessatt qopheessummaa Afriikaa Kibbaatiin gaggeeffamerratti hirmaachuun milkaa’ina dippilomaasii olaanaa argamsiisaniiru. Pirojektii misooma jallisii fi misooma tuurizimii ilaalchisee Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad naannoo Amaaraa magaalaa Gondar wayita daawwatan pirojektii misooma jallisii Magac gamaaggamaniiru. Pirojektichi lafa heektaara 870 irratti kan argamu yoo ta’u, jallisiidhaan lafa heektaara 17000 nimisoomsa jehameetu eegama. Daawwannaa magaalaa Gondariin itti fufuun giifti duree Zinnaash Taayyaachoo fi hoggantoota mootummaa waliin ta’uun Mooraa Faasiil haaromfame eebbisaniiru. Kanneen daawwattootaaf mijatan baay’ee fooyya’aniiru. Wiirtuun tuuristii haaraanis banameera. Maneen qulqullinaa ammayyaa, sirnoonni ibsaa fi nageenyaa fooyya’aan qophaa’aniiru. Masaraan mootii Faasiil, mootii Yohaannis,mootii Iyyaasuu akkasumas riqichoonni, bakkeen dhiqannaa, ulaawwan seena qabeessikkf ofeeggannoon haaromfamaniiru. Dabalataanis naannawichatti Iskuweer Meetirii 40,000ol miidhagfameera.Hojiin haaromsaa kun wagga tokkoo gaditti kan xumuramedha. Kana malees ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Doonii Xaanaanesh 2 kan al tokkotti namoota 180 imalchiisuu danda’u Gorgoraatti hojii eegalchiisaniiru. Daawwannaa magaalaa Bahaar Daaritti taasisaniin Istaadiyeemii idil addunyaa Bahaar Daarii fi magaalatti dame turizimii mijataa gochuu hojii hojjetamaa jiran ilaalaniiru. Istaadiyeemoon nama kuma 52 qabatu kun akkaataa ulaagaa Kaaf kaa’een fooyya’aa akka jiru fi teessoo maxxansuu fi marga uwwisuun xumuramuu ilaalaniiru. Dabalataanis Ikoo riizoortii Gorgoraa bu’uureffachuun Bahaar Daar qarqara haroo Xaanaatti ijaaramaa kan jiru Riizoortii Falaga Giyoon daawwataniiru. Gama biraatiin kabajamoo ministirri muummee mootummaa naannoo Amaaraatti teesssoo bulchiinsa godina sablammii Oromoo kan taate magaalaa Kamisee daawwataniiru. Hojiin misooma Kooriidarii jalqabbiirra jiraatus daandiin bishkileetii km. 1.3 fi daandiin lafoo gaarii ta’uu ulaalaniiru. Dabalataanis warshaa misooma qonnaa qindaa’aa agiroo industirii Elfooraa hojii maaddii guutuuf magaalattiitti gumaacha guddaa taasisa jiru daawwataniiru. Tarkaanfii Itiyoophiyaa gama hubannoo Namtolcheen(AI) Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad waajjira muummee hubannoo namtolchee bakka dyra turerraa jijjiirame daawwataniiru. Dhaabbatichi wagga shan keessatti gama fayyaa, qonnaa, damee tajaajilaan hojii adda durummaa bahachaa kan jiru yoo ta’u, Kilaawud kompiiyutingi, kuusaa odeeffannoo gurguddoo,odeeffannoo sakatta’uu, Roobootiiksii fi Immarsiiv teeknooloojiin dandeettiisaa gabbifachaa jira jedhaniiru. Wiirtuun Istaarti aappii hubannoo nam tolchee lammiileen yaada qofa qabatanii dhufuun Pirootoo taayippii uumuuf, baay’isuuf akkasumas invastaroota dame dhuunfaa waliin akka walitti dhufan carraa ni’uuma kan jedhan ministirri muummee, amma ammaatti kanneen yaada maddisiisan 200 carraa kanatti fayyadamuusaanii eeraniiru. Manni maree ministirootaa Baatiidhuma kana keessa walgahii idilee 50ffaa gaggeesseen tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa 2030 irratti bal’inaan mari’atee guyyaa mana marichaan raggaafamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. Yaa’ii hooggantoota miseensota miseensota garee 20 irratti Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yaa’ii hoggantoota biyyoota garee 20 qopheessummaa Afriikaa Kibbaan gaggeeffamerratti hojiiwwan dippilomaasii gamlamee fi gama hedduu faayidaa tarsiimawaa Itiyoophiyaa cimsan milkeessaniiru. Ministirri muummee jala bulti yaa’iitti pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin mari’ataniiru. Akkasumas daarektara olaanaa IMF Kiriistaaliinaa Ji’oorjiyeevaa, Pirezidaandii baankii misooma Afriikaa haaraa Dr. Siidii Uldi waliin mari’ataniiru. Dabalataanis hoggantoota biyyoota garagaraa waliin dhimmoota gamlamee fi tumsa tarsiimawaarratti mari’ataniiru. Mootii Abuudaabii Pirezidaantii Turkiyyee, Pirezidaantii Fiinlaandi, Pirezidaantii Faransaayii fi Chaansilariin Jarman kan eeramanidha. Ministira muummee Noorweeyi akkasumas hoggantoota Hindi Veetinaam, Kooriyaa Kibbaa fi Awustiraliyaa waliin mari’ataniiru. Ministira muummee Yunayitid Kingidam,, pirezidaantii Biraazil, ministira muummee Nezerland, ministira muummee Xaaliyaanii fi itti aanaa pirezidaantii Indooneezhiyaa waliin mari’ataniiru. Yaa’ichaan cinaatti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez mari’ataniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan qopheessitu ta’uusaatiin deeggarsa godhamuu qaburratti mari’ataniiru. Pirezidaantii mana maree gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa waliin marii gaggeessaniiru. Akkasumas pirezidaantii kaaf Dr. Oaatriis Motsiipii fi pirezidaantii baankii addunyaa Ajeeyi Baangaa waliin mari’ataniiru. Marii dippilomaasii hoggantoota Maaleezhiyaa fi Siingaapoor waliin taasifame Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Sadaasaa keessa ministira muummee federeeshinii Maaleezyiyaa Daatoo Serii Anwaar Biin Ibraahim fi ministira muummee Siingaapoor Lawurensi Wongi Masaraa biyyaalessaatti simataniiru. Itiyoophiyaan GOP32 akka qopheessitu filatamuushee COP32 ministira dhimma alaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos pirezidaantii gochuun ramaduu hordofee bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad argamanitti walgahiin koree biyyaalessaa hojiilee qophii ijoo ta’an qindeessuu dandeessisan taasifameera. Walumaa gala Ministirri muummee Abiyyi Baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 pirojektoota misooma jallisii, hojiilee misooma Turizimii fi hojiilee hubannoo namtolchee si’achiisuuf akkasumas biyyattii gama dippilomaasiin olkaasuuf hooggansi kennan bu’aadhaan kan dabaalame ture. Xumura baatii Sadaasaa ajajaa IzziiAfriikaa Yuunaayitid Isteetis Jeneraal Dagviin Arri emmi(R.M) Andarsan waliin wal arguun dhimmoota nageenya Riijiniiratti mari’ataniiru. Top of Form
Ayyaanichi tokkummaa sab-daneessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera - Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Dec 1, 2025 285
Sadaasa 22/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa kabajamuun tokkummaa sab-danessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera jechuun Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar dubbatan.   Guyyaan Ayyaana sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti dammaqinaan kabajameera. Sirna kabaja ayyaanichaarratti kan argaman Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar akka dubbatanitti ayyaanichi Itiyoophiyaanonni waloon jiraachuuf kan waliif galanii fi waggaa waggaan duudhaa Aadaasaanii adda baabaayiitti kan ibsanidha. Kunis Sirni Federaalaa cimaan akka jiraatu gochuun tokkummaa sab-daneessummaa cimsaa ijaarsa biyyaaf qoda olaanaa gumaachuu dubbataniiru. Ayyaanichi waltti hidhaminsa waloo haala cimsuun sadarkaa sadarkaan kabajamee Sadaasa 29 bara 2018 sadarkaa biyyoolessaatti naannoo giddugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu kaasaniiru.   Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan gamasaaniin, Ayyaanichi naannichatti tokkummaa sab-daneessummaa fi walitti hidhaminsa haala cimsuun kabajamaa turee har’a xumurmuu ibsaniiru. Ayyaanichi saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni Aadaa fi duudhaasaanii beeksisuurra darbee tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf waadaasanii kan itti haaromsan ta’uu dubbataniiru.   Keessumaa Ayyaanichi Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa xumuramee pirojektoonni gurguddoo hedduun yeroo eegalamanitti kabajamuun misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun irra deebuun gamtooma keenya kan itti cimsinudha jedhaniiru.   Bulchaa Godina Gujii Obbo Abdullaahii Hirbaayyee, Godinichatti Jijjiiramaa boodaa eegalee qabeenya jiran gara misoomaatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa guddisaa jira jedhaniiru. Keessumaa buna dabalatee midhaan zayitaa biroo akkasumas misooma horii gaafaan, hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an Godinichatti raawwatamuusaanii kaasaniiru.   Ayyaanichi sadarkaa Naannootti Godinichatti kabajamuun qabeenya Naannichaa beeksisuurra darbee misooma eegalaman cimsuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Nageenya Godinaaleetti bu’een Hawaasni gara misoomaatti debi’uu  danda’eera 
Nov 29, 2025 435
Sadaasa 20/2018(TOI)-Nannoo Oromiyaa Godinaalee wallagaa sadiitti nageenya bu’een hawaasni fuulasaa gara misoomaatti deebisee hojii bu’aa qabeessa akka hojjetu taa’uusaa Hoggantoonni Godinaalee ibsan . Hoggantoonni Godina wallagga Lixaa, Bahaa fi Horroo guduruu wallaggaa Turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti, nageenyi naannichatti bu’een hojii misoomaaf haala mijataa uumeera. Itti Aanaan Bulchaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Gammadaa Tafarraa, Godinichatti hawaasni qaamolee nageenyaa waliin qindoomee hojjechuun nageenyi bu’uu ibsaniiru. Waggoottan darban rakkoo nageenyaa godinichatti mudachaa tureen hojii misoomaa hojechuun rakkoo akka ture eeruun, nageenya bu’een xiyyeeffannoon hawwasaa misoomara ta’eera jedhaniiru. Haalli mijataan uumame hojii misooma qonnaa Idilee xiyyeeffannoon hojjechuun olitti hojii bu’uuraalee misooma addaan citanii turan irra deebi’anii akka eegalaman ta’uu dubbataniiru. Dabalataanis Godinicha haala mijataa Invastimentiif qabu fayyadamuun dureeyyiin misooma Albuudaa dabalatee hojiiwwan misoomaa adda addaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti Hojiiwwan misoomaa Abdachiisoon Magaalaa fi Baadhiyaatti eegalaman cimanii akka itti fufaniif nageenya argame fulla’aa taassisuun ittifufa jedhaniiru. Itti Aanaan Bulchaa Godina wallagga bahaa Obbo Dassuu Lammii gamasaaniin, rakkoon Godincha ture dhabamsiifamee nagaan bu’eera jedhaniiru.   Godinichatti hawaasa hirmaachisuun hojiin misooma qonnaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeruun, hojiin Albuudaa,misooma Bakkeewwan gahumsa Turiizimii fi hojiiwwan biroon hojjetamaa jiru jedhaniiru. Godina Horroo Guduru Wallaggaa Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Darajjee Warquu, Aanichatti nageenyi bu’uun hawaasni hojii misoomaa humnasaa guutuun raawwachaa jira jedhaniiru. Hojiiwwan misooma Aanichatti raawwatamaa jiru abdachiisaa ta’uu ibsuun, hojiin bu’uuralee misoomaa hojjetamaa jira jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii waamicha nageenya fudhatan leenjii haaromsa fudhatanii hojii misoomaa adda addaarratti hirmaachaa jiraachuusani ibsaniiru.
Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf hirmaannan qooda fudhattootaa cimee itti fufeera- Komishinicha
Nov 29, 2025 256
Sadaasa 20/2018(TOI)- Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf hirmaannan qooda fudhattootaa cimee itti fufaa jiraachuu komishinarri komishinii marii biyyaalessaa Malaakuu W/Maariyaam ibsaniiru. Waltajjiin hubannoo uumuu har'a magaalaa Gaambeellaatti mata duree "Gahee Dubartootaa, Dargaggootaa fi Qaama Miidhamtootaa Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf " jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinarichi waltajjii hubannoo uumuu kana irratti akka jedhanitti furmaata waaraaf hirmaannaan qooda fudhattoota hundaa cimee itti fufuu isaa eeraniiru. Dubartoonnii fi qaama miidhamtoonni milkaa’ina marii biyyaalessaa kanaaf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru. Mariin biyyoolessaa eegalame dandeettii dubartoota, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa fayyadamuun nageenyaa fi misooma itti fufiinsa qabu biyyattiif mirkaneessuun galma ga’uu akka qabus ibsaniiru. Mariin hawaasa keessatti aadaa ta’ee itti fufuu akka qabu taasisuun, ijaarsa nageenyaa kaayyeffame milkeessuun xiyyeeffannoon hojjetamu akka qabus hubachiisaniiru. Waltajjiin har'aa kun marii biyyoolessaa keessatti hirmaannaa dargaggootaa, dubartootaa, qaama miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa biroo cimsuuf kan kaayyeffate ta'uus eeraniiru. Hirmaattonni waltajjii marii kanaas yaada bilisaa fi dhugaa irratti hundaa’e gumaachuun itti gaafatamummaa lammummaa isaanii akka bahatan Komishinarichi dhaamaniiru. Dubartoonni, dargaggoonni, qaama miidhamtoonnii fi qooda fudhattoonni biroo waltajjii marii hubannoo uumuu guyyoota lamaaf magaalaa Gaambeellaatti qophaa’e irratti hirmaachaa jiru.

Hawaasummaa
Waldaan hojjettoota Itiyoophiyaa dandeettii hojjettootaa dagaagsuun guddina Omishtummaa biyyoolessaaf qoodasaa bahuu qaba
Dec 2, 2025 105
Sadaasa 23/2018(TOI )–Konfedereeshiniin waldaa hojjettoota Itiyoophiyaa dandeettii hojjettootaa cimsuun guddina omishtummaa biyyoolessaaf qoodasaa akka bahu sadarkaa itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan giddugala qiddeessaa sirna dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adama Faaraah ibsan. Waltajjiin konfedereeshinii waldaa hojjettootaa Idil-Addunyaa magaala Finfinneetti gaggeeffamaa jira.   Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan giddugala qiddeessaa jaarsa sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adama Faaraah wayita kana akka jedhanitti, walitti bu’insa Addunyaa, gaaga’ama Dinagdee, jijiirama haala qilleensaa fi gufannaa teekinooloojii haala naannoo hojiirratti dhiibbaa geessisaa jiru. Kanaanis haala Addunyaa jijiiramaa keessatti dhaqqabamummaa barnootaa fi teekinooloojii bal’isuun fi baay’ina Invastimantii haaraan fayyadamummaa carraa hojii lammiilee guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru.   Itiyoophiyaatti jijiirama biyyoolessaa booda xiyyeeffannoon ijaarsa dhaabbileef kennaman fayyadamumma hunda galeessa lammiilee guddisuun bu’aa galmeesisaa akka jirtu hubachiisaniiru. Keesumaa dandeettii misooma cimsuunii fi haala mijataa hojii uumuun dubartootaa fi dargaggoota hedduu gahoomsuun fayyadamoo carraa hojii ta’uusaanii ibsaniiru. Gudiina Dinagdee Itiyoophiyaa fi mirga hojjettootaa bobbii hojii mirga hojjettootaa kan eegsisu haalli mijataan akka uumamu dandeessisuu hubachiisaniiru. Waldaan hojjettoota Itiyoophiyaa milkaa’ina hojii riifoormii mootummaaf deeggaraa cimaa ta’uun itti fufuusaanii kaasaniiru. Fuuldurattis kalaqa jajjabeessuu fi ijaarsa humna namaa gahoome cimsuun humna omishtummaa biyyoolessaa guddisuurratti qoodasaanii akka gumaachani cimsuun hubachiisaniiru.   Hariiroon Mootummaa, Konfedereshinoota hojjettaa fi waldaan hojjechiisaa wal-amanuun, iftoominaa fi hirmaannaa waloorratti kan bu’uureffame ta’uu akka qabu ibsaniiru. Itiyoophiyaan kabajaa fi mirga hojjettootaa eeguun bu’uura waliigaltee Addunyaan hojii fi hoj-maata foyya’aaf cimsitee hojjecha jiraachuu obbo Adam Faaraah dubbataniiru.
Hojiileen qulqullina dhaabbilee fayyaa fooyyessuu fi tajaajila fooyya'aa kennuu dandeessisan hojjetamaa jiru - Dr. Maqdas Dhaabaa
Dec 2, 2025 93
Sadaasa 23/2018(T0I)- Hojiileen qulqullina dhaabbilee fayyaa fooyyessuu fi tajaajila fooyya'aa kennuu dandeessisan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa himan. Ministiroota dabalatee, hoggantoonni olaanoo naannoo fi godinaa pirojektoota misoomaa adda addaa naannoo Amaaraa godina Addaa Oromoo Magaalaa Kamiseetti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru. Daawwannaa kanarratti Ministirri Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa, Ministirri Misooma Magaalaa fi Bu'uura misoomaa aadde Chaaltuu Saanii, Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa fi Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo Tigisti Hamid, akkasumas hoggantoonni olaanoo naannichaa fi godinichaa argamaniiru. Ministirri Fayyaa doktaar Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, hojiileen qulqullina dhaabbilee fayyaa fooyysuu fi tajaajila fooyya’aa kennuu dandeessisan hedduun hojjetamaa jiru. Daawwannaa kanaanis dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajila fooyya’aa hawaasaaf kennuudhaaf sadarkaa hundatti hojiiwwan hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisaa akka jiran hubachiisaniiru. Misoomni koriidaraas miidhagina magaalotaaf qofa osoo hin taanee fayyaa hawaasaafis bu’aa olaanaa buusaa jiraachuu dubbataniiru. Naannoo Amaaraatti Bulchaan Bulchiinsa godina addaa Oromoo obbo Ahimad Alii akka jedhanitti, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa jiraattota magaalaa Kamisee fayyadamoo taasisu godinicha keessatti hojjetamaa jira. Pirojektoota mana jireenyaa namoota harka qalleeyyiif hawaasaan ijaaraman, misooma koriidarii, babal’ina Hospitaala Waliigalaa Kamisee fi pirojektoota misoomaa biroo daawwachaa akka jiran ibsaniiru.
Diinagdee
Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti ni hojjetama
Dec 3, 2025 50
Sadaasa 24/2018(TOI)- Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu komishiniin gamtaa Afriikaa beeksise. Yaa’iin qonna dijitaalaa gamtaan Afriikaa yeroo jalqabaaf qopheesse xumurameera. Yaa’ichi mata duree Inniveeshinii fi furmaattota dijitaalaa dame qonnaaf fayyadamuun egeree Afriikaa ifa gochuu” jedhuun guyyoota sadan darbaniif gaggeeffamaa tureera. Gamtaa Afriikaatti komishinariin qonnaa, misooma baadiyyaa, dinagdee Buluu fi naannawa fulla’aa Mosas Vilaakaatii wayita kana, dame qonnaa Afriikaa gara guddina, wabii nyaataa fi dandeettii damdamachuu barbaadamutti guddisuuf qonni dijitaalaa qooda murteessaa akka qabu yaa’ii Kanaan mirkaneessuusaa eeraniiru. Haala Kanaan dame qonnaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonna dijitaalaarratti xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru. በጉባኤው Qonna keessatti shoorri dargaggootaa fi dubartootaa murteessaa ta’uusaa yaa’ii Kanaan mirkaneessuun akka danda’ame ibsaniiru. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Baay’isaa Badhaadhaa milkaa’ina qonna dijitaalaaf birmadummaa cimsuun sirrii ta’uu eeraniiru. Odeeffannoo qonnaa akka qabeenya tarsiimawaatti kunuunsuu, sirnoota Afriikaa keessaa dandeettii komunikeeshinii mirkaneessuu fi dargaggootaa fi dubartoota ga’oomsuudhaan qonna Afriikaa guddisuun ni danda’ama jedhaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan hojii jajjabeessaa raawwachaa akka jirtu dubbatan de’aataan ministiraa kun.
Yunivarsiitichi oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjataa jiru fakkeenyummaan kan ibsamuudha
Dec 3, 2025 33
Sadaasa 24,2018 (TOI)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojjechaa jiru fakkeenyummaan kan ibsamu ta'uun himameera. Yunivarsiitichi mataduree ‘Oomishtummaan qamadii milkaa'ina qonna keenyaaf’ jedhuun wiirtuu qorannoo Yunivarsiitichaa fi oyiruu qonnaan bultootaa kilaastara qamadiin misoomaa jiru qooda fudhattoota waliin daaw'annaa dirree gaggeesseera.   Daaw'annaa dirree qonnaa kanarratti kan argaman hogganaan itti aanaa Biiroo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Otukanaa Odaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa qooda fudhattoota adda addaa waliin ta’uun oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu ibsan. Wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuu dabalatee galmoota gurguddoo biroo galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuus dubbatan. Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa fi dhaabbileen barnoota olaanoo oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuu fi qormaata damicha keessatti mudate qorannoodhaan furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.   Yunivarsiitiin Madda Walaabuu adeemsa baruu fi barsiisuu bira darbee oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojiin hojjechaa jiru fakkeenyummaan kan ibsamu ta’uu eeraniiru. Hogganaa itti aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Dajanee Hirphaa akka ibsanitti, naannichatti lafa hektaara miiliyoona 10.tuqaa 8 midhaan adda addaatiin uwwifame irraa kuntaala miiliyoona 386 argachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himan. Mootummaan qonnaan bultoota mala qonnaa aadaa irraa gara mala qonnaa makaanaayizeeshiniitti ceesisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu daaw'annaa dirree aanaalee Baalee adda addaa keessatti gaggeeffameen arguu isaanii himan. Hojiin qorannoo Yunivarsiitii Madda Walaabuun oomisha qamadii dhukkuba dandamatuu fi oomisha fooyya’aa argamsiisu irratti hojjetamaa jiru abdachiisaa ta’uus ibsaniiru. Itti Aanaan Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Mu'awiyaa Fu'aad akka jedhanitti, godinichatti lafti hektaara kuma 528 ol oomisha midhaan gosa adda addaatiin misoomaa jiraachuu himan.   Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Doktar Birahaanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuun cinaatti qonnaan bultoonni hojii qonnaa fooyya’aa ta’e hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaa isaanii akka guddisan galteelee qonnaa fi deeggarsa ogummaa taasisaa jiraachuu eeran. Keessattuu, Yunivarsiitichi midhaan qamadii irratti qorannoo bal’aa gaggeessuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjachaa jiraachuu dubbatan. Waggoota afran darbanitti Yunivarsitichi qonnaan bultoota adda duree Baalee, Baalee Bahaa fi Arsii Lixaa kilaastaraan gurmaa’aniif deeggarsa galtee ogummaa fi qonnaa taasisaa turuun isaa jijjiirama oomishtummaa fideera jedhan.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba
Dec 3, 2025 32
Sadaasa 24/2018(TOI)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teekinooloojii doktar Ballaxaa Mollaa ibsan. Simpooziyeemiin Kilabii Daayimandii bara 2025 Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetiin qophaa'e mata duree " Egeree hammataa uumuuf hoggansa Dijitaalaa Addunyaa Cimsuu " jedhuun gaggeeffamaa jira. Haasaa baniinsaa simpooziyeemii kanarratti taasisaniin Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa rakkoolee addunyaa ulfaataa fi walxaxaa ta’an hiikuuf teeknooloojiin carraa fidee dhufuu ibsaniiru. Gama biraatiin teeknooloojii sirnaan fayyadamuu dhabuun qormaata haaraa uumuuf carraa akka qabu hubachiisaniiru. Qormaata kana furuuf biyyoonni tumsa isaanii daran cimsuu qabus jedhan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhiheenya kana ragga’e guddina diinagdee hunda hammate mirkaneessuu fi nageenya lammiilee guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabus cimsanii dubbataniiru. Guddinni dijitaalaa Itiyoophiyaa jajjabeessaa ta’uu eeruun; lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman sirna adda baasuu dijitaalaa keessatti hammatamaa akka jiran himaniiru. Babal’inni bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa fi guddinni kenniinsa tajaajila mootummaa elektirooniksiin taasifamu dabalaa jiraachuu himaniiru. Qormaatni iccitii odeeffannoo qabachuu, nageenyi saayibarii, fi hubannoo namtolchee mudatu biyya tokko qofaan furmaata argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Simpooziyeemiin har'aa kun yeroo marii qofa osoo hin taane gara hojiitti tarkaanfachiisu ta'uu qaba jedhaniiru.
Dhaabbilee fi seektaroonni, hubannoo namtolchee safartuu madaala isaanii gochuu qabu- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Dec 2, 2025 91
Sadaasa 23/2018(T0I)- Ministirri Muummee doktar Abiyyii Ahimad dhaabbilee fi dameen kamuu akka safartuu raawwii hojii fi galmaatti hubannoo namtolchee fayyadamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. "ija mootummaa Ida’amuutiin, guddina dameelee" yaadota Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa irratti kaasan keessaa tokko damee dijitaalaa kan ilaallatudha. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dameen dijitaalaa hojiilee hedduu walitti kan fidu ta’uu himuun, mootummaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa(Faayidaa), baankii moobaayilaa, fi mala kaffaltii ammayyaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Akkasumas, hubannoon namtolchee fi saayinsiin kuwaantum haala jireenya dhala namaa, hojii fi yaada dhala namaa jijjiiraa akka jiran ibsaniiru. Teekinooloojii fudhachuu qabna kan jedhan Muummeen Ministiraa dooktar Abiyyi Ahimad, hubannoon namtolchee humna, oomishaa fi hirmaannaa seera uumamaa irra deebi’ee barreessaa akka jiru ibsaniiru. Dandeettiin biyya keessaa waraqaa eenymmaa biyyaoolessaa (Faayidaa), Paaspoortii, Mesob, Baankii Moobaayilaa, Mala Kaffaltii Ammayyaa, Tajaajila Dijitaalaa Gumurukaa fi Galii, fi Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Faayinaansii Walitti Hidhame (IFMIS) misoomuu fi babal’achuu akka qabus cimsanii dubbataniiru. Dameeleen adda addaa hagam hubannoo namtolcheetti fayyadamaniiru? Jennee madaaluu yoo hin jalqabne, yoo turrellee yoomiyyuu galmaan hin geenyu jedhan. Hojiima kamiifiyyuu teekinooloojii fayyadamuun akka barbaachisu eeruun, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf teekinooloojiiwwan adda addaa waliin walitti hidhuun dirqama akka ta’e ibsaniiru. Ministirri Muummee yaada galma tokkoo kan jedhuun ibsa kennaniin ,tokkoon tokkoon magaalaa tajaajila wiirtuu tokkoo(MESOB) banuu akka qabus eeraniiru. Imaammata waraqaa eenyummaa biyyoolessaa 100% guutummaan guutuutti galmaan ga’uuf qabame hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsuun, kanaafis caasaan bulchiinsaa hundi cimanii hojjechuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan hojii baay’ee murteessaa ta’uu eeruun, jalqabbiin kun 100% milkaa’uu qaba jedhan. Dhaabbileeniifi dameeleen tokkoon tokkoon isaanii hubannoo namtolchee hangam fayyadameera? Kan jedhu galma kaa’uu akka qabanis ibsaniiru. Itti fayyadamni hubannoo namtolchee (artificial intelligence) yoo hin guddanne jijjiiramnii fi walitti hidhamiinsi yaadame dhufuu akka hin danda’amnes hubachiisaniiru. Kalaqaa fi saffisaan, qulqullinaa fi hedduummina galmaan ga’uuf carraaquun hojii ijoo mootummaa ida’amuu ta’uu ibsaniiru doktar Abiyyi Ahimad.
Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan hojii eegalchiise
Dec 1, 2025 110
Sadaasa 22/2018(TOI)-Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan kan Finfinnee fi naannoleerratti dhaabaman ifatti hojii eegalchiiseera. Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaatti deetaa mistiraa kan ta’an Fantaa Dajan buufataaleen har’a hojii eegalan jijjiirama magaalota keessatti galmaa’aa jiru cimsuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaaniis hubachiisaniiru. Keessattuu magaalota pilaaniin bulchuu fi lafa magaalota keessatti lakkaa’ee galmeessuu, haqaan bulchuu fi qorannoo sirrii ta’uu mirkaneessuu keessatti faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kenniinsa murtee ragaa irratti hundaa’e hojjechuunii fi fayyadamtoonni haala salphaa ta’een tajaajila akka argatan kan taasisu dha jedhaniiru. Gara fuula duraatti Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Buufataalee osoo adda hin kutiin odeeffannoo saatalayitii irraa kan fudhatan, ykn ‘’Continious Operating Reference Station (CORS)’’ 14 ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teekinooloojii Muluqan Qaree gama isaaniin akka jedhanitti, tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkaa’ina misooma dijitaalaaf shoora olaanaa bahateera jedhan. Ijaarsa bu’uuraalee teekinooloojii irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisuudhaan, ministeerichi baay’ina buufataalee saatalaayitii irraa ragaa fudhatan babal’isuuf tumsaan hojjechuu akka itti fufan akeekaniiru. Buufataaleen odeeffannoo fudhatan har’a hojii kan eegalan kunniin teekinooloojii ammayyaatiin kan guutaman ta’uu daarektarri olaanaa Inistityuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashaalii doktar Abdiisaa Yilmaa ibsaniiru. Dabalataan buufataaleen kunniin, ogeessota pilaaniif, qorattootaaf, xiinxaltoota sodaa balaaf, ogeeyyii teessuma lafaaf fi tajaajila addaaf ogeessota kaartaa qopheessaniif odeeffannoo yeroo qabatamaa akka argatan kan dandeessisan ta’uu ibsaniiru. Dameewwan qonnaa, industirii, albuudaa fi dameewwan diinagdee biroo ammayyeessuun odeeffannoo gahaa kennuunis bu’aa guddaa akka qabaatan eeraniiru.
Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa jalqabaa Gamtaan Afrikaa qophaasse har'a magaalaa Finfinneetti eegala
Dec 1, 2025 93
Sadaasa 22/2018(TOI)- Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa jalqabaa Gamtaan Afrikaa qopheesse magaalaa Finfinnee waajjira muummee gamtichaatti har’aa eegalee akka gaggeeffamu himameera. “Innoveeshinii fi malawwan dijitaalaa fayyadamuun damee qonnaa fi magariisaa cimaa ijaaruun mul’ata egeree Afrikaa milkeessuu” mata duree jechuun gaggeeffama. Oomishtummaa qonnaa guddisuu, tajaajila eksiteenshinii qonnaa dijitaalaa, teekinooloojii fi innoveeshinii qonnaa, dhaqqabummaa gabaa, sonawwan dhaqqabamummaa gatii cimsuu, mala oomishtummaa qonnaa fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu ijaaruu waliin walqabsiisu fudhachuu, imaammata qonnaa fi bu’uuraalee seeraa hojiirra oolchuun ajandaawwan konfiraansichaa irratti mari’atamudha. Konfiraansichi marii ce’umsa beekumsaa fi imaammataa irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, muuxannoon milkaa’ina eksiteenshinii qonnaa biyyoota hirmaattotaas ni dhiyaata. Afrikaa keessatti dhaqqabamummaa malawwan qonnaa dijitaalaa deeggaran, tarsiimoo adda baasuu fi tumsa cimsuun bu’aa guddaa konfiraansicha irraa eegamu ta’uu odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Gamtaa Afrikaa irraa argate ni mul’isa. Konfiransichi tarsiimoo qonna dijitaalaa biyyoota Gamtichaaf, Gamtaan Afrikaa akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2024 raggaassise hojiirra oolchu guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessaa tokko ta’uu ibsameera. Gamtichi tarsiimoon qonnaa Ajandaa 2063 fi karoora misooma yeroo dheeraa Afrikaa waliin kan walsimu ta’uu ibseera. Tarsiimoon kun teeknooloojii odeeffannoo fi quunnamtii (ICT) fayyadamuun gabaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa ijaaruu fi qonna galmoota misooma dijitaalaa fi itti fufiinsa qabu Afrikaa waliin walquunnamsiisuu kan jedhu mul’ata qabu dha. Waltajjiin kun hanga Sadaasa 24/ 2018tti kan turu yoo ta’u, qondaaltota mootummaa olaanoo fi imaammata baastonni biyyoota Afrikaa, qorattoonnii fi saayintistoonni qonnaa, ogeeyyii teeknooloojii, qonnaan bultoonnii fi dhaabbilee qonnaan bultootaa, dhaabbilee qo’annoo fi qorannoo, abbootii qabeenyaa, michoota misoomaa fi qooda fudhattoonni biroo ni hirmaatu.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 453
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.  
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 403
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 396
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru.   Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15725
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 437
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015