ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Dhuma bara hojii Mana richaarraa maaltu eeggamaa
Nov 3, 2025 54
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii dhumaarra dhimmoonni eegaman maalfa’ii ? Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaan bara kana ni xumurama jedhameetu eegama. Manni marichi Aangoo heera mootummaan kennameef bu’uureffachuun seera ni baasa, dhaabbiilee raawwachiiftotaa ni hordofa, ni to’ata. Dippiloomaasii Paarlaamaa akkasumas bakka bu’ummaa ummataa ni raawwata. Manni marichi waggoottan Afran darban jijiirama biyyoolessaa caalaatti kan saffisiisanii fi hojiiwwan gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa ilaallatan hojjechaa turuusaa Miseensonni Mana Maree kaasaniiru. Dhimmicharratti Miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataa TOI’n dubbise yeroo hojiisaanii hafe guddina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’aniif cimmanii akka hojjetan mirkaneessaniiru. Miseensota Mana Maree keessaa Dr.Mabiraatuu Alamuu bara qabame dhimmoota eegaman keessaa Komishiniin Mareen biyyoolessaa ajandaawwan filatamanirrattii marii taassisudha jedhaniiru. Komishinichi cabinsa siyaasa Itiyoophiyaa suphuu fi rakkoowwan turan aadaa mariin furuuf dagaagsuuf furmaata akka fidu amanamuusaa kaasaniiru. Manni marichi yeroo hojiisaa hafetti komishiniin marii biyoolessaa gara hojiitti akka galuu fi rakkoowwan mariin furmaata akka argataniif cimsee ni hojjeta jedhaniiru. Gareen obbolaawwan Paarlaamaa Itiyoophiyaan biyyoota Ollaa waliin hariiroo qabdu caalaatti cimsuuf xiyyeeffanoon akka hojjetan kan ibsan immoo miseensa mana maree biroo Saadiq Adami. Dippiloomasii paarlaamatiin faayidaa biyyoolessa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi dhimmoota fedhii misooma biyyattii hubachiisan irratti bal’inaan ni hojjetama jedhaniiru. Miseensa Mana Maree bakka bu’oota Ummataa Dr. Alamuu Gonfaa gamasaaniin, bara bajataa qabametti Itiyoophiyaatti Pirojektoonni misoomaa hedduun eegalamuusaanii ibsaniiru. Miseensonni mana marichaas yeroo hojiisaanii waggaa dhumaa pirojektoota kana saffisa foyya’aa fi kalaqaan akka dhugoomuuf deeggarsaa fi hordoffii addaa taassisu jedhaniiru. Mana maree Itti aanuuf haala mijataa uumuu fi qooda miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa waggaa shanii ta’uu hubachiisaniiru.
Riijinichatti Wabii nyaataa Mirkaneessuuf tattaaffiiwwan ta’aniif deeggarsi taassifama-IGAD
Nov 3, 2025 28
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Riijinichatti wabii nyaataa, omishtummaa Qonnaa mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifamaniif deeggarsi akka taassifamu IGAD beeksise. IGAD workishooppii Mirkaneessa Tarsiimoo Qorannoo Jallisii Magaalaa Finfinneetti gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, saganticharratti bakka bu’oonni biyyoota miseensa Riijinichaa hirmaachaa jiru. IGADtti Daarektarri tumsa Diinagdee fi walitti hidhaminsa Riijinii Moheeladdiin Alitohamii wayita kana akka jedhanitti, Riijinichi hongee fi rakkoo dhiheessii bishaaniin rakkachaa jira. Biyyoonni Miseensa IGAD omishtummaa Qonnaa dabaluuf misooma jallisii fi qabeenya bishaanii qabachuuf dursa kennuu akka qaban hubachiisaniiru. Tarsiimoon jallisii Riijinichatti humna jallisii fi misooma Qonnaa guddisuuf, wabii nyaataa mirkaneessuu fi mancaatii naannoof furmaata kennuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Riijinichatti lafti Qonnaaf mijataa ta’e jiraachuu hordofee omishtummaa Qonnaa Jallisiin deeggaruun guddisuun akka danda’amu eeraniiru. Ministeera jallisii fi Naannoowwan gamoojjiitti hojii gaggeessaan Diizaayinii pirojektoota Jallisii Yaared Mulaat gamasaaniin biyyoonni miseensaa hongee dedeebi’aa fi dhimma rakkoon raabsa dhiheessii bishaanii hordofiisaniin qoramaa jiraachuu dubbataniiru. Damee Qonnaan jallisii babal’isuu, omishtummaa qonnaa fooyyessuu, Jireenya fulla’aa hawaasa baadiyaa mirkaneessuu, hiyyummaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf daandii guddaa ta’uu dubbataniiru. Hammattoo misooma jallisii fi Bulchiinsa Bishaanii Itiyoophiyaa bocuu fi duudhaaleesaa hojiirra oolchuun hirmaannaa taassisaa jirachuu eeraniiru. Hammattichi karoora Ardii ta’us, Tarsiimoo biyyoolesaa Itiyoophiyaa fi imaammattoota kaayyoowwansaa waliin walsimuusaanii dubbataniiru. Mootummaan saaxilamummaa Jijiirama Haala qilleensaa hir’isuuf eegumsa biyyee fi bishaanii, qabinsa sulula bishaanii irratti sagantaawwan xiyyeeffatan bocee hojjechaa jiraachuu beeksiseera. Itiyoophiyaan Pirojektoota Jallisii Guddaa, Gidduu galeessaa fi xiqqaa ijaruurratti akka argamtu beeksisuun karoorawwan jiran ammayyeessuu fi raawwiisaanii fooyyeessuuf tattaaffiiwwan gargaaran itti fufuusaanii kaasaniiru. Qamadii fi RuuziinJallisiin misoomaa jiru akkasumas Ashaaraa magariisaa Innisheetivoota jijiirama biyyoolessaa ta’uusanii eeraniiru. Qoodni tarsiimichaa guddaa fi qabeenya hin tuqamne kan qabdu Afriikaan caalaatti omishaa fi egeree dhaabbataa ta’e mirkaneessuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
Humnoonni hojii baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu qabu – fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa
Nov 3, 2025 50
Onkoloolessa 24/2018(TOI)- Humnoonni gocha baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu akka qaban Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan. Haleellaan raayyaa ittisaa Izzii kaabaarratti raawwatame kan yaadatamu gochi gaddisiisaan raawwatame kan yaadatamu yoomiyyuu akka hindeebine yaadachuuf ta’uu Itaamaajoora Shuumiin humnoota waraanaa walii gala ibsaniiru. Raayyaan ittisaa Izzii Kaabaa Yaadannoo haleellaa irratti raawwatame waggaa shanaffaa mata duree “akka hindeebine yoomiyyuu hin hrraanfannu” jedhuun wiirtuu leenjii izzii komaandoo fi humna qilleensaatti Bishooftuutti kabajameera. Onkoloolessa 24 bara 2013 waggaa shan dura qaama raayyaa ittisa biyyaa kan ta’e Izzii Kaabaarratti hojiin gantummaa akka irratti raawwatame ni beekama. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itti aanaan Itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa walii gala Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi qondaaltonni jeneraalaa onaanoo biroo fi miseensonni raayyaa ittisaa saganticharratti, argamaniiru. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Onkoloolessi 24 yaadannoo wareegamtoota Izzii kaabaati. Raayyaan ittisaa daangaa biyyasaa kabachiisuun birmadummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf qophii ta’uus dubbataniiru. Miseensonni raayyaa ittisaa izzii kaabaa naannoo Tigraayiif dahannoo fi dallaa akka ture ibsanii, amma ammaatti Izzii kaabaan alatti lammii isaatiin haleellaan kan irra gahe akka hin uumamne dubbataniiru. Raayyaan ittisaa ofirraa hir’isee Tigraayitti mana barumsaa hedduu, dhaabbilee fayyaa fi misooma qonnaa akka raawwate ibsanii, gochi Onkoloolessa 24 raawwatame garuu seenaa Itiyoophiyaa keessatti godaannisa bara baraati jedhaniiru. Haleellaan Izzii kaabaarratti raawwatame yoomiyyuu akka hin hirraanfatamne ta’uu ibsanii, guyyaan kun kan yaadatamu kana booda akka hin deebineef ta’uu dubbataniiru. Fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa guyyaa kana yemmuu yaadatan, mootummaan wayita sana walitti bu’iinsa bakka garagaraatti ture qabbaneessuuf yeroo itti dhama’u malee waraanaaf qophiirra akka hin turre yaadataniiru. Mootummaan yeroo hundaa daandii nagaaf balballisaa banaa taassisuu eeruun, kaleessarra barachuu dhabun walmorkiin taassifamu dhaabbachuu qaba jedhaniiru. Miseensonni muraasni ABUT qaamolee hidhatan deeggaruun, biyyoota ollaa waliin hidhata uumuun biyya diiguuf D.D.R.’n kan walitti qabaman diiguun walii galtee nagaa Piriitooriyaa cabsaa jiraachuu ibsaniiru. Humnoonni hojii baandaarratti bobba’an kan ummata bakka hin buune kunneen hojiiisaanii biyya gantummaarraa of qusachuu akka qaban dubbataniiru. Daarektarri Olanaan Ijaarsa Xinsammuu Raayyaa Ittisa biyyaa Mejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan gamasaaniin, waggaa shanii dura miseensora raayyaa Ajaja Kaabaarratti haleellaan raawwatame birmadummaa biyyarratti shira yaadame ta’uu eeraniiru. Yeroon yaadannoo Ajaja kabaa haala yeroosaa gituun kabajamaa jira jedhaniiru. Haleellaan raawwatame akka hin dabalamneef yoomiyyuu hin dagannu kan jedhan Mejer Jeneraal Indalkaachoon, haleellicha qolachuuf miseensota raayyaa Aarsaa kaffalan yaadachuu fi qabsosaaniif beekamtii kennuuf akka kabajamu ibsaniiru.
To’annaan Daldala Seeraan Alaarratti Taasifamu ciminaan itti fufa
Nov 3, 2025 61
Onkoloolessa 24/2018(TOI)- Magaalichatti Daldaltoota Daldala seeraan alaarratti bobba’anirratti to’annoon taassifamu cimee itti fufuu biroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalaa Finfinneetti Qaala’insa jireenyaa xiqqeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf shammattoonni meeshaalee bu’uuraa barbaachisan gatii madaalawaan haala itti argatan uumameera. Sirni gabaa seera qabeessaa fi haqa qabeessa akka tahuuf Biiroon Daldalaa fi Galiiwwanii hojiiwwan adda addaa hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Tsaggaayee Dabalee turtii TOI waliin taassisaaniin dubbataniiru. Daldaltoonni sirna daldalaa seera qabeessa hin taane seera qabeessa ta’anii akka daldalan taassifamaa jira jedhaniiru. Magaalichatti sochiin daldala seeraan alaa keessumaa gabaa Sanbataa fi Dilbata gidduu gala gabaatti seera qabeessummaasaa hordofuun akka hojjetan ta’uu dubbataniiru. Sochii daldalaa idilee hin taanegara seera qabeessatti galchuun dorgommii daldalaa seera qabeessa mirkaneessuuf qooda murteessaa qaba jedhaniiru. Biirichi bara 2018 kurmaana jalqabaan daldaltoota seeraan alaa kuma shanii ol gara sirna daldalaa seera qabeessatti akka galan ta’eera jedhaniiru. Itti Anaan Biiroo Galiiwwan Magaalaa Finfinnee Miikiyaas Mulgeetaa gamasaaniin kurmaana jalqabaatti daldaltoota nagayee malee daldalan kuma 2 ol ta’an irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhaniiru. Bu’uura taaksii babal’isuun galii magaalittiin maddisiistu sirnaan walitti qabuuf hojiin seera kabachiisuu cimee itti fufa jedhaniiru. Daldalaan gibira kaffaluun dirqama biyyoolessaa ta’uu beekee karaa seera qabeessaan hojii daldalaa akka raawwatu hubannoon uumamaa jiraachuu ibsaniiru. Daldaltoonni gamasaaniin sirna daldalaa haqa qabeessaa fi dorgomaa gochuuf gibirasaanii sirnaan beeksisuun yeroon kaffalaa jiraachuu himaniiru. Daldaltoota keessaa Indaashaw Abbabaa, Itiyoophiyaan fedhii bu’uuraalee misoomaa guutuuf galii sirnaan walitti qabuu qabdi jedhaniiru. Sirni kaffaltii gibiraa filannoowwan dijitaalaan kan deeggarame waan ta’eef yeroo fi humna kan qusatu ta’uu eeruun isaaniis dirqamasaanii bahaa jiraachuu eeraniiru. Daldalaa biroon Musxafaa Mahaammad gibirasaanii sirnaan kaffaluun dirqama
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu daldala si’achiisuu fi Invastimantii hawachuuf dandeettii dabalataa ni uuma
Nov 3, 2025 44
Onkoloolessa 24/2018 (TOI)-Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu daldala si’achiisuu fi Invastimantii hawachuuf dandeettii dabalataa waan uumuuf milkaa’ina isaaf waliin hojjechuun akka barbaachisu hayyoonni Yuunivarsiitii Amboo fi Jimmaa ibsan. Dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdeeti jenneetu amanna jechuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mana maree bakka bu’oota ummataaf dubbachuunsaanii niyaadatama. Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu hin dandeessu, olloota keenyatti himuu waanti barbaannu Itiyoophiyaan yemmuu guddattu misooma riijinichaaf maadda taati, kan barbaannu waliin guddachuudha,kanaaf dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuuti jechuun cimsanii dubbataniiru. TOI’n dhimmicharratti kan dubbise Yuunivarsiitii Jimmaatti diiniin kolleejii biizinasii fi Ikonomiksii Dr.Mokonnon Boggaalaa gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoohiyaan itti jirtu yemmuu milkaa’u dhiibbaa dinagdee fi siyaasaa rijinichatti qabdu kan guddisu ta’uu ibsaniiru Gaaffiin ulaa galaanaa hojiileen misoomaa Itiyoophiyaan karoorsite akka milkaa’an bu’ura kaa’uun imala bayyanachuu biyyattii akka si’achiisu eeraniiru. Guddinni dinagdee bu’aa qindoomina hojiilee garagaraa ta’uu kaasanii, ulaan galaanaas qaama injoo hojii kanaa ta’uu dubbataniiru. Invastimantii hawachuu fi dadammaqasuun dinagdee biyyaalessaa guddisuuf humna dabalataa akka ta’u ibsanii, mulkaa’inasaaf hundi kenya tumsuu qabna jedhaniiru. Ulaan galaanaa qaama faayidaa biyyaa kabachiisuu ta’uu kan kaasan ammoo Yuunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan gaazexessummaa fi komunikeeshinii Dr. Dammallaash Mangistuudha. Mootummaan dhimmicha ajandaa ummataa gochuurra darbee dippilomaasii waliin misoomuurratti bu’uureffate hordofuunsaa kan jajjabeeffamudha jedhaniiru. Ajandichi bu’a qabeessa akka ta’u hirmaannaa lammiilee akka gaafatu dubbataniir, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu dhugoomuunsaa gumaacha hunda galeessa riijinichatti qabdu akka guddisu dubbataniiru. Hayyoonni Yunivarsiitii Amboo, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu gaaffii mootummaa qofa osoo hin ta’iin gaaffii ummattoota biyyattii hundaa fi seera idil addunyaatiinis kan deeggaramu mirga bu’uraati jedhaniiru. Yuunivarsiitichatti barsiisaan dinagdee Dr. Taaddalaa Malaakuu akka ibsanitti, tattaaffiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dhageettii riijinichaa fi sadarkaa idil addunyaatti qabdu haala fooyya’aan kan guddisu sosochuu hunda galeessa ta’uu dubbataniiru. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti dinagdee dorgomaa ijaaruu akka dandeessuu fi fayyadama ummataa mirkaneessuuf faayidaa olaanaa qaba kan jedhan ammoo Yuunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan kutaa barnootaa Ukonomiksii Nagaasaa Fufaati. Gaaffiin kun bu’aaf akka qaqqabu tokkummaa cimsuun mootummaa bira dhaabachuun akka barbaachisu himaniiru.
Siyaasa

Gaaffiin ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf ni hojjetama-Mana maree waloo
Oct 31, 2025 467
Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun hojiirra oolmaasaaf kan hojjetu ta’uu manni maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Oromiyaa ibse. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu’oota ummataaf dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seenaa qabeessaa, teessuma lafaa fi dinagdee jenneetu amanna jechuun isaanii ni yaadatama. Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu hin dandeessu, olloota keenyaaf waanti jechuu barbaannu Itiyoophiyaan yemmuu guddattu misooma riijinichaaf madda taati, kan barbaannu tumsaan guddachuudha, kanaaf dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jechuun cimsanii dubbataniiru. Hooggantoonni paartilee siyaasaa waloo naannoo Oromiyaa TOI’ waliin turtii taasisaniin, gaaffiin ulaa galaanaa dhugaawwan seera qabeessa, seena qabeessaa fi teessuma lafaa kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan waggoota dheeraaf ulaa galaanaa qabaachaa kan turte, sochii ji’oo-siyaasaa qaxanichaanis hirmaannaa guddaa qabaachaa kan turte ta’uu yaadatanii, waggoota 30 darbe ulaa galaanaa malee turuunshee kan nama gaabbisiis ta’uu kaasaniiru. Barreessaan olaanaa mana maree waloo Taarikuu dinbaruu, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte ajandaa ta’ee as bahuunsaa murteessaa fi dhimma bu’uraa waan ta’eef mootummaan galateeffamuu qaba jedhaniiru. Yaa’iin walii gala barbaachisummaa fi gaaffii haala yeroo ta’uusaa walii galtee waloorra gahee hojiirra oolmaasaaf qoodasaa bahuuf qophii ta’uusaa mirkaneessaniiru. Ulaan galaanaa Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa kan ittiin baatu, guddummaa dippilomaasii riijinichatti kan ittiin mirkaneessitu,daldalashee kan ittiin si’eessitu dhimma murteessaa waan ta’eef manni marichaa ni deeggara kan jedhan ammoo walitti qabaa mana marichaa obbo Salamoon Taaffasaati. Dhimma ulaa galaanaa ajandaa biyyaa akka ta’u kan taasisan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad galata guddaa akka qaban dubbatanii, gaaffichi meeshaa olaanaa dhimmi Itiyoophiyaa itti mirkanaa’udha jedhaniiru. Manni maree waloo naannichaa paartileen siyaasaa 22 miseensa itti ta’an, gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fidhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun akka fudhatu ta’uusaa fi deebiisaafis kan hojjetu ta’uu mirkaneesseera.
Dhimmii Ulaa galaanaa gaaffii waloo keenyaa deebii argachuu qabudha- mana maree waloo paartiilee morkattootaa
Oct 31, 2025 293
Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Dhimmii Ulaa galaanaa dhimma faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef gaaffii waloo keenyaa deebii argachu qabudha jechuun Manni Maree Paartii Morkattootaa Naannoo Amaaraa ibsan. Walitti qabaa Mana maree paartii Morkattootaa Naannoo Amaaraa fi durataa’aan humna sochi dimokiraasii Amaaraa Tasfaahun Alamneeh turtii TOI waliin taassisaaniin gaaffiin ulaa galaanaa dhimma biyyaa fi faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef dhimma deebii argachuu qabu gaaffii waloo keenyaati jedhaniiru. Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa jiaatus dhimma faayidaa biyyaarratti ejjennoo addaa kan hin qabne ta’uusaanii kaasuun gama Kanaan sochii Mootummaa eegalee fi Ejjannoo qabate ni dinqisiifanna ni deeggaraas jechuun mirkaneessaniiru. Dhimma kanarratti manni maree waloo dhiheenyatti akka hojjetuu fi tokkommaa sabdaneessummaashee fi faayidaa biyyoolessaashee biyya kabajameefii ijoollee keenya dhaalchisuuf ni hojjenna jedhaniiru. Akka mana maree paartiilee morkattootaatti nageenya buusuuf seera kabachiisuu fi dhimmoota keessoorratti waloon akka hojjennu hunda faayidaa biyyoolessaa fi dhimma Ajandaa biyyaarratti waloon hojjechuun dirqama keenya jedhaniiru. Mootumman Abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuuf yeroo hiriiru faallaan dhaabbachuun seenaatiin komatamaa kan nama taassisuu fi nageenya sammuu kan nama dhorkatu ta’uu kaasaniiru. Ministirri Muumee Dr. Abiyyi Ahimad guyyoota muraasa dura miseensota mana maree bakka bu’oota uummaataaf ibsa kennaaniin dhimma ulaa galaanaa argachuun kan hin jijiiramne ta’uusaa ejjennoon dubbachuun saanii ni yaadatama.
Nageenyi Godina Wallaga Lixaatti bu’e hirmaannaa fi fayyadamummaa Misoomaa guddisaa jira- Jiraattota Godinichaa
Oct 30, 2025 379
Onkoloolessa 20/2018(TOI) - Nageenyi Godhina wallaga Lixaatti bu’e hirmaanaa misoomaa fi fayyadamummaasaanii guddisaa jiraachuu jraattonni godinichaa TOI’n dubbise ibsan. Nageenyi Naannichatti bu’e sochii Hawaasummaa fi Dinagdee haala fooya’een akka raawwatamani taassisuusaa jiraattonni dubbataniiru. Jiraattota Godinichaa yaadasaanii kennan keessaa Obbo Ayyaanaa Mangashaa rakkoon nageenyaa ammaan dura naannichatti mudatee turee maqee nageenyi bu’uusaatiin hojii misoomaarratti akka ciman taassiseera. Kunis gannaa fi bona hojii misoomaarratti hirmaannaa taassisan akka dagaaguu fi fayyadamummaansaanii guddachaa akka dhufu gochuusaa dubbataniiru. Keessumaa hojiiwwan misoomaa hawaasicha fayyadan raawatamaa jiraachuu eeruun hojiiwwan misoomaa kun milkaa’inaaf akka gahanii fi nageenyi argame fulla’aa akka ta’uuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. Hirmannaa mootummaa fi uummataan nageenya naannoosaaniitti bu’een soda tokko malee socho’uun hojiisaanii hawaasummaa fi Diinagdee raawwachaa jiraachuu isaanii kan dubbatan immoo adde Ayyaantuu Horaati. Fuulduratti hojiiwwan misooma akka itti fufaniif nageenya cimsuuf tattaaffii taassifamaniif qooda gamasaanii akka bahatan ibsaniiru. Jiraataan obbo Magarsaa Aagaa jedhaman gamasaaniin, nageenya Godinichatti bu’een sochiin kallattii hundaan taassisan guutuu ta’uu fi keessumaa qonnaan bulaan sodaa tokko malee hojiisaa guyyaa guyyaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Fuuldurattis nageenya fulla’aa gochuurratti jiraattota nannoosaanii waliin wal-tumsuun hirmaannan hojii misoomaarratti taassisan akka cimsan dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Godina wallaga lixaa Geetahuun Tarfeessaa akka ibsanitti, godinichatti ummanni qaamolee ngeenyaa waliin ta’ee hojjechuusaan nageenyi fulla’aan bu’eera. Ummanni sodaa tokko malee socho’ee hojiisaa akka hojjetuuf haalli mijataan uumamuusaan uummann garaa guutuun hojii misoomaarratti hirmaachaa jira jedhaniiru. Nagenya bu’een hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufuusaanii fi nageenya argame cimsanii tursiisuuf ummanni qoodasa cimsuu qaba jedhaniiru.
Paartiin badhaadhinaa leenjiin waggaa gaggeessuu eegale
Oct 30, 2025 338
Onkoloolessa 20/2018(TOI)-Paartiin badhaadhinaa leenjii waggaa hooggantoota olaanoo bara 2018 gaggeessuu eegaleera. Leenjichi mataduree “ Ilaalcha Mootummaa Ida’amuutiin, milkaa’inoota damichaa’’ guyyoota walitti fufaan 10f kan kennamu ta’a. Leenjichi mata dureewwan adda addaa daandeettii, beekumsaa fi humna hoggansaa dagaagsan kan itti dhihaatan ta’uun ibsameera. Leenjicharratti Qondaaltonni Olaanoon Federaalaa fi Naannoolee irraa dhufan kuma 2 ol akka hirmaatan eerameera. Leenjicha cinaatti daawwannaan hojii dirree akka gaggeeffamu eerameera.
Itiyoophiyaan nageenya Sudaan Kibbaaf deeggarsa barbaachisu ni gooti – Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Oct 29, 2025 461
Onkoloolessa 19/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Sudaan Kibbaaf deeggarsa gootu cimsitee akka itti fuftu ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan. Itiyoophiyaan Sudaan kibbaa waliin walitti hidhamiinsa bu’ura misoomaa cimsuuf akka barbaaddu dubbataniiru. Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos jila olaanaa Sudaan Kibbaatti ministira dhimmoota Afriikaa Bahaa Piiyengi DengiKu’oliin durfamu har’a waajjirasaaniitti simatanii dubbisaniiru. Gareen jilaa kun ministira dhimma alaaf haala yroo Sudaan Kibbaa keessumaa bulchiinsa Abuyyee ilaalchisuun ibsa kenneera. Itiyoophiyaan hidha haaromsaa xumurtee milkaa’inaan eebbisiisuusheetiin gammachuusaanii ibsuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru. Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Mayardiit eebba hidha haaromsaarratti hirmaachuusaniif galateeffataniiru. Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Sudaan Kibbaaf kutannoo cimaa qabdu ministirri Geediyoon Ximootiwoos mirkaneessaniiru. Biyyoonni lamaan caalaatti bu’ura misoomaan walitti hidhamanii tumsa dinagdee riijinii guddisuuf hojjechuu akka qaban ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa isheef malu gaafachuunshee qananii miti – Hayyoota
Oct 29, 2025 403
Onkoloolessa 19/2018 (TOI)-Itiyoophiyaan ulaa galaanaa qaamolee guddinashee hin barbaannee fi ragaan bakka hin jirretti shiraan irraa fudhatame gaafachuunshee mirga malee qananii akka hin taane hayyoonni ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti kaleessa walgahii idilee lammaffaa gaggeesseera. Ministirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad wayita kana galaana Diimaan walqabatee ibsa kennaniin, dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, haala teessuma lafaa fi dinagdee ta’uu Itiyoophiyaan ni amanti jedhaniiru. Itiyoophiyaan galaana diimaa akka dhabdu eenyu murteesse jennee yoo sakattaanu ragaan hin argamne, dhaabbileenis harka keessaa akka hin qabne kaasaniiru. Ulaan galaanaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu waan hin dandeenyeef tattaaffiin gootu cimee akka itti fufu ibsaniiru. Hayyoonni TOI’n dhimmicharratti dubbise akka jedhanitti,Itiyoophiyaan qaamolee badhaadhinashee hin barbaanneen kan harkaa fudhatame qaamashee kan ta’e gaafachuun mirga malee qananii akka hin taane himaniiru. Barsiisaan dippilomaasii fi hariiroo idil addunyaa barsiisa Indaalee Nugusee, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde daba malee seera qabeessa akka hin taane kaasanii, Itiyoohiyaan ulaa galaanaa argachuu qabdi jedhee mootummaan amanee ajandaa gochuunsaa seeraanis ta’e safuudhaan sirrii ta’uu eeraniiru. Adeemsi dippilomaasii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabde argachuuf itti jirtu Akka cimsitu gorsaniiru. Yuunivarsiitii Boongaatti barsiisaa fi qorataan Saayinsii Siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Yaared Ayyaalew gamasaaniin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa fayyadamuunshee faayidaansaa kan riijinichaas ta’uu akka ta’u dubbataniiru. Itti fayyadama waloof jecha riijinicha dabalatee hawaasni addunyaa Itiyoophiyaan kan gaafatte qaamashee waan ta’eef Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu deeggaruu akka qaban dubbataniiru.

Hawaasummaa
Hojiiwwan qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyessuuf hojjetaman muxannoon kan fudhatamanidha-Dhaabbata fayyaa Addunyaa
Nov 3, 2025 57
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Hojiileen Itiyoophiyaan Qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa babal’isuuf hojjete kan dinqisiifatamanii fi kan muuxannoon irraa fudhataman ta’uu dhaabbanni fayyaa Addunyaa beeksise. Dhaabbata fayyaa Addunyaatti bakka bu’aan Itiyoophiyaa, Gamtaa Afriikaa fi kommishinii dinagdee Afriikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Piroofeesar Firaansis chiisakat akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waliin gahiinsa tajaajila fayyaa qulqulluu lammiilee babal’isuuf hojiin hojjette kan dinqisiifatamuu fi kan muuxannoon irraa fudhatamudha. Piroofeesar Firaansis chiisakat TOI’f akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban Itiyoophiyaan damee fayyaan milka’ina guddaa galmeessisteetti. Itiyoophiyaatti lammiileen tajaajila qulqullina qabu akka argataniif dhiheessii meeshaalee wal’aansaa adda addaa dhaqabsiisuun, akkasumas biyya keessatti qoricha omishuurratti hojii milkaa’ina qabu hojjechaa jirti jedhaniiru. Dhaabbanni fayyaa Addunyaa Mootummaa Itiyoophiyaa waliin wal tumsuun tajaajila fayyaa fayyummaansaa mirkanaa’e dhaqqabamaa akka ta’uuf deeggarsa taassisu cimsee akka itti fufu mirkaneessera. Dhibeewwan tasaaf deebii kennuuf hojiiwwan hojjetaman cimsinee itti fufna jedhaniiru . Dhaabbatichi damee Fayyaan Itiyoophiyaa waliin dhiheenyatti kan hojjetui ta’uu eeruun, kunis cimee akka itti fufu dubbataniiru. Keessumaa dhukkuboota wal’aansa hatattamaa barbaadanii fi weerara to’achuuf Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf Covid-19 ittisuuf Mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojiin milkaa’inaa hojjetamuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Afriikaatti gidduugala Omisha Qorichaa akka taatuuf deeggarsa taasisuun haala danda’amurratti argamna jedhaniiru.
Lammiileen Waliin dhooftota kanneen hojiif biyya alaatti ni ergina jedhanirraa akka ofeeggatan gaafatame
Oct 31, 2025 245
Onkoloolessa 21/2018 (TOI)-Lammiileen qaamolee waliin dhooftota bu’ura seeraa fi biyyoota alaa waliin walii galtee osoo hin qabaatiin ‘hojjetaa biyya alaatti ni ergina’ kanneen jedhaniin akka hin gowwoomne ofeeggachuu akka qaban ibsame. Namni hojiif biyya alaatti kan ergamu karaa ministeera hojii fi ogummaa qofa ta’uun ibsameera. Haala Kanaan namoonni bakka jiranirraa hojii biyya alaaf galmaa’uu akka danda’an sirni odeeffannoo gabaa Itiyoophiyaa https://lmis.gov.et/ diriirfamee hojjetamaa akka jiru eerameera. Kana hordofuun biyyoota jiddu galeessa bahaa jaaha Itiyoophiyaan walii galtee mallatteessitetti deemuuf kan dandeessisu leenjii fi madaalliin erga raawwatamee booda hojiif akka ergaman beekameera. Kun osoo Kanaan jiruu beekamtii eyyama mootummaan ala namni hojiif biyya alaatti ergamu akka hin jirre hubachuun, namoonni lubbuusaanii, yeroosaanii akkasumas maallaqasaanii akka hin dhabne gaafatameera. Karaa faddaaltota seeraan alaa namoota deddeebisaniin biyya alaa deemuun jireenya ofii akkasumas jireenya maatii rakkoo hammaataaf akka saaxilu hubachuun adeemsa balaafamaa akkasuurraa akka of qusatu gorsaniiru. Ministeera hojii fi ogummaatti hojii raawwachiisaan hariiroo ummataa fi komunikeeshinii Abbabaa Alamuu Turtii TOI waliin taasisaniin, fayyadama carraa hojii dilbii biyya keessaa irratti bu’uureffate guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hojiif biyya alaa deemuun yoo barbaachises karaa hojmaata ministeerichaan diriirfamanii mana leenjii teekiniikaa fi ogummaa aanaa isaaniitti argamutti leenji’uun nageenyisaanii akkasumas fayyadamummaan isaanii eegamee haalli hojiif ergaman akka jiru himaniiru. Hojiif biyya alaatti erguu ilaalchisee odeeffannoo argachuuf karaa toora bilbilaa 9138 tolaan bilbiluun akka danda’amu dubbataniiru.
Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an Inshuraansii fayyaa fayyadamaa jiru
Oct 28, 2025 346
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an Inshuraansii fayyaa fayyadamaaakka jiran ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Walgahiin idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti miistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniiru. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 bara 2018 walgahii waloo mana maree lamaaniirratti haasaa baniinsaa taasisan ilaalchisuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota mana mreerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri muummee ibsa taasisaniin akka jedhanitti, bu’ura misoomaa fayyaa Itiyoophiyaa keessatti babal’isuuf hojjetamaa jira. Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an inshuraansii fayyaa fayyadamaa akka jiran ibsaniiru. Kunis lammiileen hedduun fayyadamaa tajaajila fayyaa akka ta’an gochuu ibsanii, hojiileen yeroo ammaa hojjetamaa jiran fuulduras ciminaan akka itti fufan dubbataniiru. Dhiheessii qorichaa ilaalchisee qoricha biyya alaarraa galfamu hir’isuu fi oomisha biyya keessaan bakka buusuuf yaaliin taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Damee fayyaa bal’isuu fi fedhii tajaajila fayyaa ummataa guutuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf Hoospitaalli qiddus Phaawuloosijaarsi bu’ura misoomaa siree kuma 1 qabu gochuusaa ibsanii, fuulduratti galteen barbaachisu guutameefii tajaajilaaf akka banamu ibsaniiru.
Hojiileen sirna haqaa fooyyessan cimanii itti ni fufu- ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 249
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Hojiileen sirna haqaa fooyyessan cimanii akka itti fufan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Walgahiin idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera. Sirna haqaa ilaalchisuun gaaffii miseensota mana maree irraa ka’aniif ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniin, mootummaan sirna haqaa ammayyeessuu fi fooyyessuuf hojjechaa jira jedhaniiru. Sirni haqaa bilisummaasaa akka eeguu fi sirna hojmaatasaa akka fooyyessu mootummaan hojiilee garagaraa kutannoon raawwachaa jiraachuu dubbataniiru. Hanqina dandeettii damee kanarratti mul’atu furuuf dandeettii ogeeyyotaa gabbisuu fi hojmaata teeknooloojii hubachiisuuf hojiiwwan eegalaman kan jajjabeeffamanidha jedhaniiru. Walumaa gala sirna haqaa fooyyessuuf fooyyessi hojmaataa manneen murtiin eegalaman guddaa kan jajjabeeffamanii fi cimanii kan itti fufan ta’uu ibsa isaaniitiin eeraniiru.
Diinagdee
Riijinichatti Wabii nyaataa Mirkaneessuuf tattaaffiiwwan ta’aniif deeggarsi taassifama-IGAD
Nov 3, 2025 28
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Riijinichatti wabii nyaataa, omishtummaa Qonnaa mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifamaniif deeggarsi akka taassifamu IGAD beeksise. IGAD workishooppii Mirkaneessa Tarsiimoo Qorannoo Jallisii Magaalaa Finfinneetti gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, saganticharratti bakka bu’oonni biyyoota miseensa Riijinichaa hirmaachaa jiru. IGADtti Daarektarri tumsa Diinagdee fi walitti hidhaminsa Riijinii Moheeladdiin Alitohamii wayita kana akka jedhanitti, Riijinichi hongee fi rakkoo dhiheessii bishaaniin rakkachaa jira. Biyyoonni Miseensa IGAD omishtummaa Qonnaa dabaluuf misooma jallisii fi qabeenya bishaanii qabachuuf dursa kennuu akka qaban hubachiisaniiru. Tarsiimoon jallisii Riijinichatti humna jallisii fi misooma Qonnaa guddisuuf, wabii nyaataa mirkaneessuu fi mancaatii naannoof furmaata kennuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Riijinichatti lafti Qonnaaf mijataa ta’e jiraachuu hordofee omishtummaa Qonnaa Jallisiin deeggaruun guddisuun akka danda’amu eeraniiru. Ministeera jallisii fi Naannoowwan gamoojjiitti hojii gaggeessaan Diizaayinii pirojektoota Jallisii Yaared Mulaat gamasaaniin biyyoonni miseensaa hongee dedeebi’aa fi dhimma rakkoon raabsa dhiheessii bishaanii hordofiisaniin qoramaa jiraachuu dubbataniiru. Damee Qonnaan jallisii babal’isuu, omishtummaa qonnaa fooyyessuu, Jireenya fulla’aa hawaasa baadiyaa mirkaneessuu, hiyyummaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf daandii guddaa ta’uu dubbataniiru. Hammattoo misooma jallisii fi Bulchiinsa Bishaanii Itiyoophiyaa bocuu fi duudhaaleesaa hojiirra oolchuun hirmaannaa taassisaa jirachuu eeraniiru. Hammattichi karoora Ardii ta’us, Tarsiimoo biyyoolesaa Itiyoophiyaa fi imaammattoota kaayyoowwansaa waliin walsimuusaanii dubbataniiru. Mootummaan saaxilamummaa Jijiirama Haala qilleensaa hir’isuuf eegumsa biyyee fi bishaanii, qabinsa sulula bishaanii irratti sagantaawwan xiyyeeffatan bocee hojjechaa jiraachuu beeksiseera. Itiyoophiyaan Pirojektoota Jallisii Guddaa, Gidduu galeessaa fi xiqqaa ijaruurratti akka argamtu beeksisuun karoorawwan jiran ammayyeessuu fi raawwiisaanii fooyyeessuuf tattaaffiiwwan gargaaran itti fufuusaanii kaasaniiru. Qamadii fi RuuziinJallisiin misoomaa jiru akkasumas Ashaaraa magariisaa Innisheetivoota jijiirama biyyoolessaa ta’uusanii eeraniiru. Qoodni tarsiimichaa guddaa fi qabeenya hin tuqamne kan qabdu Afriikaan caalaatti omishaa fi egeree dhaabbataa ta’e mirkaneessuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
To’annaan Daldala Seeraan Alaarratti Taasifamu ciminaan itti fufa
Nov 3, 2025 61
Onkoloolessa 24/2018(TOI)- Magaalichatti Daldaltoota Daldala seeraan alaarratti bobba’anirratti to’annoon taassifamu cimee itti fufuu biroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalaa Finfinneetti Qaala’insa jireenyaa xiqqeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf shammattoonni meeshaalee bu’uuraa barbaachisan gatii madaalawaan haala itti argatan uumameera. Sirni gabaa seera qabeessaa fi haqa qabeessa akka tahuuf Biiroon Daldalaa fi Galiiwwanii hojiiwwan adda addaa hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Tsaggaayee Dabalee turtii TOI waliin taassisaaniin dubbataniiru. Daldaltoonni sirna daldalaa seera qabeessa hin taane seera qabeessa ta’anii akka daldalan taassifamaa jira jedhaniiru. Magaalichatti sochiin daldala seeraan alaa keessumaa gabaa Sanbataa fi Dilbata gidduu gala gabaatti seera qabeessummaasaa hordofuun akka hojjetan ta’uu dubbataniiru. Sochii daldalaa idilee hin taanegara seera qabeessatti galchuun dorgommii daldalaa seera qabeessa mirkaneessuuf qooda murteessaa qaba jedhaniiru. Biirichi bara 2018 kurmaana jalqabaan daldaltoota seeraan alaa kuma shanii ol gara sirna daldalaa seera qabeessatti akka galan ta’eera jedhaniiru. Itti Anaan Biiroo Galiiwwan Magaalaa Finfinnee Miikiyaas Mulgeetaa gamasaaniin kurmaana jalqabaatti daldaltoota nagayee malee daldalan kuma 2 ol ta’an irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhaniiru. Bu’uura taaksii babal’isuun galii magaalittiin maddisiistu sirnaan walitti qabuuf hojiin seera kabachiisuu cimee itti fufa jedhaniiru. Daldalaan gibira kaffaluun dirqama biyyoolessaa ta’uu beekee karaa seera qabeessaan hojii daldalaa akka raawwatu hubannoon uumamaa jiraachuu ibsaniiru. Daldaltoonni gamasaaniin sirna daldalaa haqa qabeessaa fi dorgomaa gochuuf gibirasaanii sirnaan beeksisuun yeroon kaffalaa jiraachuu himaniiru. Daldaltoota keessaa Indaashaw Abbabaa, Itiyoophiyaan fedhii bu’uuraalee misoomaa guutuuf galii sirnaan walitti qabuu qabdi jedhaniiru. Sirni kaffaltii gibiraa filannoowwan dijitaalaan kan deeggarame waan ta’eef yeroo fi humna kan qusatu ta’uu eeruun isaaniis dirqamasaanii bahaa jiraachuu eeraniiru. Daldalaa biroon Musxafaa Mahaammad gibirasaanii sirnaan kaffaluun dirqama
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu daldala si’achiisuu fi Invastimantii hawachuuf dandeettii dabalataa ni uuma
Nov 3, 2025 44
Onkoloolessa 24/2018 (TOI)-Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu daldala si’achiisuu fi Invastimantii hawachuuf dandeettii dabalataa waan uumuuf milkaa’ina isaaf waliin hojjechuun akka barbaachisu hayyoonni Yuunivarsiitii Amboo fi Jimmaa ibsan. Dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdeeti jenneetu amanna jechuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mana maree bakka bu’oota ummataaf dubbachuunsaanii niyaadatama. Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu hin dandeessu, olloota keenyatti himuu waanti barbaannu Itiyoophiyaan yemmuu guddattu misooma riijinichaaf maadda taati, kan barbaannu waliin guddachuudha,kanaaf dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuuti jechuun cimsanii dubbataniiru. TOI’n dhimmicharratti kan dubbise Yuunivarsiitii Jimmaatti diiniin kolleejii biizinasii fi Ikonomiksii Dr.Mokonnon Boggaalaa gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoohiyaan itti jirtu yemmuu milkaa’u dhiibbaa dinagdee fi siyaasaa rijinichatti qabdu kan guddisu ta’uu ibsaniiru Gaaffiin ulaa galaanaa hojiileen misoomaa Itiyoophiyaan karoorsite akka milkaa’an bu’ura kaa’uun imala bayyanachuu biyyattii akka si’achiisu eeraniiru. Guddinni dinagdee bu’aa qindoomina hojiilee garagaraa ta’uu kaasanii, ulaan galaanaas qaama injoo hojii kanaa ta’uu dubbataniiru. Invastimantii hawachuu fi dadammaqasuun dinagdee biyyaalessaa guddisuuf humna dabalataa akka ta’u ibsanii, mulkaa’inasaaf hundi kenya tumsuu qabna jedhaniiru. Ulaan galaanaa qaama faayidaa biyyaa kabachiisuu ta’uu kan kaasan ammoo Yuunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan gaazexessummaa fi komunikeeshinii Dr. Dammallaash Mangistuudha. Mootummaan dhimmicha ajandaa ummataa gochuurra darbee dippilomaasii waliin misoomuurratti bu’uureffate hordofuunsaa kan jajjabeeffamudha jedhaniiru. Ajandichi bu’a qabeessa akka ta’u hirmaannaa lammiilee akka gaafatu dubbataniir, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu dhugoomuunsaa gumaacha hunda galeessa riijinichatti qabdu akka guddisu dubbataniiru. Hayyoonni Yunivarsiitii Amboo, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu gaaffii mootummaa qofa osoo hin ta’iin gaaffii ummattoota biyyattii hundaa fi seera idil addunyaatiinis kan deeggaramu mirga bu’uraati jedhaniiru. Yuunivarsiitichatti barsiisaan dinagdee Dr. Taaddalaa Malaakuu akka ibsanitti, tattaaffiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dhageettii riijinichaa fi sadarkaa idil addunyaatti qabdu haala fooyya’aan kan guddisu sosochuu hunda galeessa ta’uu dubbataniiru. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti dinagdee dorgomaa ijaaruu akka dandeessuu fi fayyadama ummataa mirkaneessuuf faayidaa olaanaa qaba kan jedhan ammoo Yuunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan kutaa barnootaa Ukonomiksii Nagaasaa Fufaati. Gaaffiin kun bu’aaf akka qaqqabu tokkummaa cimsuun mootummaa bira dhaabachuun akka barbaachisu himaniiru.
Godina Wallagga Lixaatti namoota kuma 41 caalaniif carraan hojii uumameera
Nov 3, 2025 46
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Baatiiwwan sadan darban Godina Wallagga Lixaatti namoota kuma 41 caalaniif dameelee garagaraan carraan hojii uumamuusaa waajjirri carraa hojii fi ogummaa godinichaa ibse. Godinichatti hoogganaan waajjira carraa hojii fi ogummaa obbo Darajjee Guddinaa TOI’f akka ibsanitti, bara bajataa kana godinichatti namoota kuma 165’f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Bara bajatichaa baatii sadan darban namoota kuma 41 caalaniif carraan hojii uumameera. Carraa hojii dameelee qonnaa, daldala, albuuda, horsiisa loonii, konistiraakshinii, maanuufaakchariingii fi kanneen biroon uumamuu dubbataniiru. Kannee carraan hojii uumameef bakka itti hijjetanii fi liqiin mijaa’uun alatti leenjii ogummaa akka argatan gochuun bu’a qabeessa akka ta’an deeggaraa akka jiru dubbataniiru. Kanneen waldaan gurmaa’aniif lafti heektaara kuma 1 fi 915, sheediin 61 fi tajaajilli liqii birriin miiliyoona 115 mijeeffamuu obbo Darajjeen ibsaniiru. Kanneen carraan hojii uumameef keessaa dargaggoo Mikaa’el Salamoon hiriyyootasaa afur waliin ta’uun gurmaa’anii hojii maxxansaa hojjechaa jiru. Bakkki hojii fi liqiin maallaqaa waajjiricharraa argatan yeroo gabaabaatti hojiisaaniin bu’a qabeessa akka ta’an gochaa jiraachuu ibseera. Yeroo ammaa baatii baatiin birrii kuma 10 ol argachaa akka jiruu fi kanaanis maxxantummaa maatii jalaa bahuuf akka isa gargaare dubbateera. Fuulduras kan argaturraa qusachuun guddachuuf hojjechaa akka jiru eeree, keessumaa dargaggoon hojii osoo hin tuffatiin waldaan gurmaa’ee jijjiiramuuf hojjechuu akka qabu ibseera. Dargaggoo kennasaa Gannatii hiriyyootasaa sadii waliin gurmaa’uun daldala elektirooniksii hojjechaa akka jiranii fi yeroo qaban hojiirra oolchuun bu’a qabeessa ta’uuf cimanii hojjechaa akka jiran dubbateera. Fuulduras jabaatanii hojjechuun kanneen biroof carraa hojii uumuuf karoorsanii hojjechaa akka jiran eeree, deeggarsi mootummaan dargaggoonni waldaan gurmaa’an bu’a qabeessa gochuuf itti jiru kan jajjabeeffamuu fi cimuu akka qabu ibseera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaa Keessatti dargaggoonni Miiliyoona 2 tuqaa 4 Leenjii Koodingi bilisaan fudhataniiru-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 355
Onkoloolessa18/2018(TOI)-Itiyoophiyaa Keessatti dargaggoonni Miiliyoona 2 tuqaa 4 Leenjii Koodingi bilisaan fudhachuu isaanii Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Manni Maree bakka bu’oota uummataa bara hojii waggaa 5ffaa yaa’ii Idilee 2ffaa wayita gaggeessu gaaffii fi yaada ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dijiitaalayizaashinii ilaalchisuun ibsa kennaniin Itiyoophiyaa keessatti dargaggoonni Miiliyoona 2 tuqaa4 leenjii koodingii bilisaa fudhataniiru jedhaniiru. Kunis lakkoofsa guddaa ta’uu eeruun Maamiltoonni Miiliyoona 93 fayyadamtoota tajajila Teelekoomii yoo ta’an lammiileen miiliyoona 55 fayyadamtoota mobaayil baankiingii ta’uu danda’aniiru jeechuun ibsaniiru. Kunis Itiyoophiyaa Dijiitaalayiz gochuuf hojiin eegalame yeroo gabaabaa keessatti jijiirama qabatamaa fidaa jiraachuusaas agarsiistuudha jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Hojiin Dandeettii kalaqaa Guddattootaa fi Dargaggootaa dagaagsuuf eegalaman cimanii itti ni fufu
Oct 25, 2025 375
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Hojiiwwan damee hundaan lammii dorgomaa, gahoomee fi bu’aa qabeessa ta’e horachuuf dandeettii kalaqa dargaggootaa guddisuuf eegalaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil ibsan. Bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo Yuunvarsiitii saaayinsii fi teekinooloojii Finfinnee waliin qindoomuun guddattootaa nageenya Saayibarii fi dameelee Kanaan wal qabataniin leenjise eebbisiiseera Saganticharratti Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, De’eetaa Ministira tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gaobazaay, Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid, pirezidaantiin Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekiniooloji Finfinnee Dr.Darajjee Ingidaaw fi qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru. Ministirri hojii fi kalaqaa Mufarihaat Kamiil wayita kan akka jedhanitti, bara dijiitaalaatti dandeettii yeroon gaafatu fi beekumsa fi lammii leenji’e horachuun guddina biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii ibsaniiru. Birmadummaa guutuu Mirkaneessuf dargaggoota nageenya saayibarii fi beekumsa teekinooloojii yeroon gaafatu hidhatan itti fufinsaan leenjisuu fi hojiitti galchaa jiraachuu eeraniiru. Damee hundaan hojii bu’aa qabeessa hojjechuuf misooma qabeenya namaan keessumaa dandeettii dargaggoota kennaa addaa qaban dagaagsuuf hojiin eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid gama saaniin, Itiyoophiyaan Cehumsa gara dijiitaalaatti taassisaa jirtuun humni namaa damee nageenya saayibariin gahoome murteessaadha jedhaniiru. Kaayyoo guddaan Taalentii saayibarii samar kaampii guddattootaa fi dargaggoota damichaan kennaa addaa qaban dandeettiisaanii guddisuunii fi damichaan biyyaaf qoodasaanii akka bahan taassisuu danda’uuf ta’uu ibsaniiru. Nageenya saayibarii biyyoolessaa eegsisuuf Bulchiinsichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeruun, humna namaa beekumsaa fi dandeettii yeroon gaafatu horachuuf leenjiin saayibar taalentii kan deeggaru ta’uu eeraniiru.
Bakkeewwan biyyattii bonni yeroo roobaa lammaffaa isaanii ta’e guyyoota kudhan dhufan rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa ni argatu
Oct 22, 2025 550
Onkoloolessa 12/2018 (TOI)-Bakkeewwan biyyattii bonni yeroo roobaa lammaffaa isaanii ta’e guyyoota kudhan dhufan rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa akka argatan inistiitiyuutiin Miitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen akka beeksisetti, kutaalee biyyattii Kanaan dura rooba gannaa argachaa turan kutaaleen biyyaa Lixaa fi kibba lixaa rooba itti fufaa ni argatu. Gama buraatiin kutaalee biyyattii Kaabaa lixaa fi Kaabaatti roobba hin eegamne xiqqaa akka argatan odeeffannoowwan Miitiwoorooloojii ni mul’isu jedheera. Baaroo Akooboon, Oomoo, Gibe, sululli qinxaamaa jiddu galeessaa fi gadii, Gannaalee Daawwaa gubbaa fi jiddu galeessaa, Waabii Shabalee gadii fi jiddugaleessa, Ogaadiin gadii, abbayyi gadii fi Takazeen gadii jiidha jiddugaleessaa akka argatan ibsicha keessatti eerameera.
Hojmaattonni Innooveeshinii Utubaa Misooma Afriikaa gochuuf dandeessisan hojiirra oolaa jiru– Gamtaa Afriikaa
Oct 22, 2025 397
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Gamtaan Afriikaa Hojmaattota Innoveeshinii Afriikaaf motora hammataa fi misooma fulla’aa gochuuf dandeessisan hojiirra oolchaa akka jiru beeksise. Gamtaan Afriikaa festivaala Innooveeshinii teessoo Muummicha Gamtaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti har’aa eegalee ni gaggeeffama. Festivaalichi mataduree “Gamtaan Afriikaa dargaggoota dursitoota Innooveeshinii Ardii gochuu ”jedhuun gaggeeffamaa jira. Innooveeteroonni, Imaammata baastonni, hoggantoonni Dameelee dhuunfaa fi bakka bu’oonni dargaggootaa feestivaalicharratti ni hirmaatau. Taateen kun furmaata man-dhaalee Innooveeshiniif beekamtii kennuun hojicha caalaatti guddisuurratti xiyyeeffannoo godhateera. Sammuun Afrikaa Qaroome dhiheessii faayinaansiin, dandeettii yeroon gaafatuu fi carraawwan waliin walquunnamsiisuun hojii Innooveeshinii guddisuun faayidaansaa olaanaa ta’uun ibsameera. Gamtaan Afriikaa furmaanni innoveeshinii Ardichatti hojjetame deeggarsa gochuun fi hojiilee innoveeshinii dargaggootaan durfamuuf haala mijataa uumuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera. Gamtichatti karaa sagantaa Dijiitaalaa fi Innooveeshinii dargaggoonni innoveetaroonni biyyoota Afriikaarraa dhufan 18 kutaalee hojii dhaabbatichaa garagaraa keessatti bobbaasuun furmaata qormaata oppireeshiniif qorataman akka kennan gochaa akka jiru ibseera. Saganticha kan deeggaran mana yaalii innooveetaroota Gamtaa Afriikaa hundeessuun humna innooveeshinii dhaabbataa hundeessuu fi tumsa cimsuuf fayyadamaa jiraachuu beeksiseera. Lammiileen karaa Fandii teekinooloojiin Innooveetaroota15 lammiileen Immaamta bocuu keessatti hirmaannaa qaban furmaata guddisan akka dhiheessan deeggarsa Faayinansii fi teeknikaa taassisaa jira. Dabalaanis Gamtaan Afriikaa innooveetaroota shamarranii Umriinsaanii waggaa 15 hanga 25 ta’e rakkoowwan Hawaasummaa fi Diinagdee Ardicha keessa jiru, filannoowwan Dijiitaalaa fi Teekinooloojiin akka furamaniif Innisheetivii deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa hojiirra oolchaa jira. Kunis hirmaannaa Sirna saalaa bu’uura kan godhate kalqni teekinooloojii akka guddataniif kan dandeessisu ta’uu Odeeffanno TOI’n Gamticharraa argate mul’isa. Gamtichi galma Ajandaa Innooveeshinii 2063 milkeessuu fi hunda hirmaachisaa fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf kallatti mul’ataa akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Festivaalli Innooveeshinii hanga Onkoloolessa 24 bara 2018 ni tura.
Ispoortii
Livarpuul gara mo’annaatti deebi’eera
Nov 2, 2025 187
Onkoloolessa 22/2018 (TOI)-Sagantaa turban kurnaffaa piriimar aliigii Ingiliziin Liivarpuul Astonviilaa 2 fi 0’n mo’ateera, Galeessa galgala tapha Anfiildi Rooditti gaggeeffameen Mahaammad Saalaah fi Rayan Giravanbarch goolii galchaniiru. Liivarpuul walitti aansuun mo’atamuu booda gara mo’annaatti deebi’eera. Injifannoo yeroo jahaffaa galmeessisuun qabxii 18’n sadarkaasaa gara sadaffaatti guddiseera. Tapha yeroo sadaffaaf kan mo’ame Astonviilaan qabxii 15niin sadarkaa 11ffaa qabateera.
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Bernileey waliin ni taphata
Nov 1, 2025 175
Onkoloolessa 22/2018(TOI)- Piriimer liigii Ingiliz torban10ffaan har’a eegala. Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal gara Istaadiyeemii tarfi muritti imaluun kilaba haaraa guddate Bernileey waliin ni taphata. Arsenaal qabxii 22 sadarkaa 1ffaa, Bernileey qabxii 10iin Sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Kilabonni lameen Piriimer liigichaan yoo waliin dorgoman kan ammaa kun yeroo 19ffaa dha. Taphoota 18 Amman dura gaggeeffamaniin Arsenal Yeroo13ffaa injifachuun dursa qabateera. Bernileey yeroo tokko qofaa yoo injifatu, yeroo 4 qixaa bahaniiru. Gahumsa dinqisiisaarratti kan argamu Arsenaal taphicha akka injifatu tilmaamni duraa kennameera. Tapha Liigichaa darban lamaan kan injifate Bernileey taphichaan morkii cimaa gaggeessa jedhameetu eeggama. Sagantaawwan biroon Nootingihaam foresti Maanchistar Yuunaayitid waliin galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu. Sagantaa tapha liigichaa darban sadiin kan mo’ate Manchistar Yuunaayitid daandii injifannoon itti fufuuf kan isa taasisudha. Faallaa sanaan liigichaan injifannoo tokko qofa kan galmeessee fi hanqina qabxii guddaa keessa kan jiru Nootingihaam foresti qabxiin sadii isa barbaachisa. Kirstaal paalaas Bireentifoordi, Biraayiten Liidsi Yuunaayitid fi Fuulhaam wolvis waliin yeroo wal fakkaataa galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu Taphni Tootenihaam Hotispersi Cheelsii waliin galgala sa’aatii 12 :00 irratti gaggeessan ni eegama. Taphoota liigichaa Afran darban kan mo’atame Injifataan kan yeroo Liiverpuul galgala sa’aatii 5:00tti Istadiyeemii Anfiilditti Astonviilaa waliin taphata. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
Liigichaan Magaalaan Dirree Dawaa yoo mo’atu magaalaan Adaamaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin wal qixa bahaniiru
Oct 30, 2025 259
Onkoloolessa 20/2018 (TOI)-Taphoonni guyyaa xumuraa turban sadaffaa piriimer liigii Itiyoophiyaa har’a gaggeeffamaniiru. Tapha Istaadiyoomii Yuunivarsiitii hawaasaatti gaggeeffameen magaalaan Dirree Dawaa Maqalee 70 Indartaa 2 fi 1’n mo’ateera. Haala Kanaan magaalaan Dirree Dawaa qabxii jaahaan sadarkaasaa gara toorbaffaatti guddiseera. Maqalee 70 Indartaan qabxii tokkoon sadarkaa 17ffaa qabateera. Tapha biraatiin Magaalaan Adaamaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin Istaadiyoomii Finfinneetti taphatanii galchii malee gargar bahaniiru. Magaalaan Adaamaa qabxii sadiin 11ffaa, Hadiyyaa Hoosaa’inaanis akkasuma qabxii sadiin gooliin caalamee sadarkaa 14ffaa qabateera. Sagantaan turban sadaffaa haala Kanaan xumurameera. Sagantaan turban afraffaa Onkoloolessa 23 bara 2018irraa eegalee ni gaggeeffama.
Madin Itiyoophiyaan har’a Piiraamidii Gibtsii waliin taphasaanii gaggeessa
Oct 30, 2025 234
Onkoloolessa20/2018(TOI)-Madin Itiyoophiyaan shaampiyoonsii liigii “CAF” marsaa 2ffaa har’a injifataasaa wayita sanaa Piiraamidii Gibtsii waliin taphasaa ni gaggeessa. Taphni Gareewwan Lameenii galgala sa’aatii12:00kaayirootti kan argamu Istaadiyeemii June 30 er diffeensitti gaggeeffama. Kilaboonni kun Onkoloolessa16 bara2018 tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin tokko gitaan addaan bahaniiru. Burk Mulgeetaa Madin Itiyoophiyaaf, Fiisten Mayelee piraamidiif goolii kan lakkoofsisanidha. Madin Itiyoophiyaan tapha deebi’aa yoo injifate gara garee shaampiyoonsi liigii CAF tti ,makama. Madin bara kana shaampiyoonsi liigii CAF irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuusaati. Garichi seenaasaa keessatti piriimer liigii Itiyoophiyaa yeroo jalqabaaf injifachuun carraa dorgommii Ardiirratti hirmaatu akka argatuuf dandeessiseera. Kilabiin Gibtsi Piiraamid abbaa waancaa Shaampiyoonsi liigii CAFti. Kilabichi waancaa mo’attoota waancaa CAF injifateera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 569
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame beekamtii idil addunyaa argate
Oct 23, 2025 389
Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame foramii dinagdee addunyaan beekamtii idil addunyaa argateera. Beekamtiin kun kan kenname Kiyuubiik Itiyoophiyaa waliin ta’uun magaalaa Harar balfa Pilaastikiirraa bilisoomsuuf hojmaata qindaa’aa jalqabameen bu’aa argameef ta’uu hoogganaan biiroo komunikeeshinii naannoo Hararii Heenook Mulunaa dubbataniiru. Beekamtiin kun kennamuun duratti magaalaa Harar balfa pilaastikaarraa qulqulleessuun pilaastikoota tajaajila kennan irra deebi’uun faayidaaf oolchuuf haalli dandeessisu jiraachuu gamaaggamamuu eeraniiru. Inisheetiivichi dubartootaa fi dargaggootaaf carraa hojii uuuusaa gamaaggama Kanaan kaafamuu isaa obbo Heenook dubbataniiru. Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisa gochuu fi balfa pilaastikii irra deebi’uun fayyadamuun gatii xiqqaan mana jireenyaa ijaaruuf Kiyuubiik Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaa jidduutti akka lakk. Faranjootaatti Ebla 2024 waliigalteen mallatteeffamuu dubbataniiru. Hojiin eegalaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 566
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 568
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 8460
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 6752
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.