Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan  Ulaa galaanaa  qabaachuunshee tasgabbii fulla’aa fi badhaadhina riijinichaaf murteessaadha 
Feb 14, 2026 48
Guraandhala 7/2018(ENA)- Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa qabaachuunshee tasgabbii fulla’aa fi badhaadhina riijinichaa mirkaneessuuf dhimma bu’uraa ta’uu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Itiyoophiyaan Afrikaa Addunyaa waliin walquunnamsiisaa jirtu Abbaa ulaa galaanaa Amansiisaa ta’uunshee guddina ittifufiinsa qabu, Tasgabbii riijinichaa fi badhaadhina mirkaneessuuf dhimma bu’uuraa ta’uu Ministeerri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad haasaa baninsa waltajjichaarratti taasisaniin, Itiyoophiyaan daandii qilleensaan walitti hidhaminsa Ardii fi Idil- Addunyaa cimsaa jiraachuushee ibsaniiru. Kanaanis uummata walitti fidaa, gabaa walitti hidhaa akkasumas geejiba shaqaxaa saffisiisaa jirra jedhaniiru. Imala kana itti fufsiisuuf Itiyoophiyaan Afrikaan gatii idil-Addunyaa keessatti bakka guddaa akka qabaattu kan taasisuu fi buufata xiyyaaraa isa guddaa ta’ee ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Buufanni xiyyaaraa guddaan kun dhaloota dhufuuf balbala seensaa akka ta’u dubbataniiru. Qooda gama Aviyeeshiniin qabduun alattis, gama Itiyoo telekoomiin tumsa ardii tarsiimawaa cimsuun guutuu Afriikaatti waliin gahiinsa dijitaalaa babal’isaa akka jiru kaasaniiru. Haa ta’u malee, walitti hidhamiinsi guutuu ta’uu qaba kan jedhan ministirri muummee, ummata miil. 130 kan qabdu Itiyoophiyaan guddina egeree mirkaneessuuf waliin gahiinsa filannoo garagaraa ishee barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf ammoo qajeeltoo tumsa karaa nagaa jedhuun Ulaa galaanaa akka qabaattu gochuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Afrikaatti bishaan dhugaatii Qulqulluu fi sirna eegumsa qulqullinaa mirkaneessuuf hojmaata qindaa’aa cimsuu barbaachisa– Pirezidaantii Angoolaa Zyo’aawoo Loorenzoo
Feb 14, 2026 43
Guraandhala 7/2018(ENA)- Afrikaatti bishaan dhugaatii Qulqulluu fi sirna eegumsa qulqullinaa mirkaneessuuf hoj-maata qindaa’aa cimsuun akka barbaachisu Pirezidaantii Angoolaa Zyo’aawoo Loorenzoo ibsaniiru.   Yaa’ichi hoggantoota Gamtaa Afriikaa 3ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’jedhuun har’a Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Wayita sana Buruundiin durataa’ummaa Gamtaa Afriikaa bara 2026 Angoolaarraa Ifatti fudhatteetti. Pirezidaantiin Angoolaa dura taa’aan gamtaa Afrikaa duraanii Zyo’aawoo Loorenzoo Aangoo yeroo dabarsan haasaa taasisaniin Afrikaan A.L.A. bara 2026tti galma guddaa kaa’un hojiitti galuu ibsaniiru.   Kanaanis Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisaa eegame mirkaneessuu ta’uu ibsuun, kunis milkaa’ina galma Ajandaa 2063f ’’murteessaa ta’uu beeksisaniiru. Pirezidaantichi Bishaan dhugaatii qulqulluu fi sirna qulqullinaa argachuun dirqama ta’uu ibsuun, kun immoo mootummoota qofaan osoo hin taane carraaqqii qindaa’aa kaampaanotaa fi Waldaa Siivikii akka gaafatu cimsanii dubbataniiru.   Pirezidaantiin Buruundii Eevaristee Nidaayiimiye Durataa’aa Gamtichaa haaraa ta’anii filatamuun isaanii, Ardichi dandeettii murtoo kennuu fi ogummaa isaaniirratti amantii qabu kan agarsiisudha jedhaniiru. Durataa’aan haaraan kun Afrikaa duubatti hafummaa keessaa baasuu fi sagantaawwan qabaman sirnaan hojiirra hoolchuuf itti gaafatamummaa guddaan akka isaan eeggatu eeraniiru. Pirezidaanti Looreenzi bara hojiisaaniitti waliin hojjechaa kan turan Dura taa’aa komishinii Gamtaa Afriikaa, Ogeesota teeknikaa fi garee hundaa galateeffataniiru. Afrikaa gara badhaadhina caalutti ceesisuuf hojiiwwan eegalaman cimanii akka ittifufanii fi biyyoonni miseensa hundi milkaa’ina dura taa’aa gamtichaa haaraa aangoo fudhateef deeggarsa barbaachisaa akka tassisan waamicha dhiheessaniiru.
Omishaa fi omishtummaa Qonnaaf xiyyeeffannoon kennamuu, gargaaramuuraa gara omishtummaatti ce’uu tattaaffiin taasifamu bu’aa qabeessa taasisuu ibsaniiru.
Feb 14, 2026 41
Qonna gannaa bara 2017/18 lafa hektaara miiliyoona 11, misoomsuun omisha kuntaala miiliyoona 314 ol argamuu eeruun, bona kana jallisiidhaan lafti hektaarri miiliyoona 3 tuqaa 3 misoomaa jiraachuu ibsaniiru. Omishaa fi omishtummaa beelladaa guddisuunii fi badhaadhina maatii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiraniin bu’aan argamaa jira jedhaniiru.   Hojii misooma kaannisaa ammayyeessuuf gaagurri kaannisaa ammayaa dhaqqabamaa ta’uu kaasuun, kanaanis misoomni dammaa toonii kuma 83 ol argameera jedhaniiru. Naannichatti baatiiwwan ja’an darban bunni kuntaallii miiliyoona 16 tuqaa 4 walitti qabamuu fi ganna dhufu biqiltuuwan bunaa dhaabbatan qophaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru. Walakkaa waggaatti bu’uuraaleen misoomaa fayyadamummaa Hawaasummaa fi Diinagdee guddisan hojjetamuusaanii Pirezidaanti Shimallis ibsaniiru.   Naannichatti akka fakkeenyaatti pirojektiin bishaan dhugatii qulqulluun 668 xumuramanii lammiilee kuma 375 fayyadamaa gochuun danda’amuu kaasaniiru. Baadiyaa fi magaalotatti qabeenya lafaa sirnaan gaggeessuu fi bulchuuf sirni kaadastaraa hojiirra ooluu fi bu’aa fidaa jiraachuu hubachiisaniiru. Naannichi qabeenya Albuudaa jiru sirnaan misoomsuu fi fayyadamuun akka danda’amuuf tattaaffii taasifameen baatiiwwan ja’an darban omisha Albuudaa gara alaatti ergameen galiin doolaarri miiliyoona 389 argamuusaa ibsaniiru. Naannoo gammoojjiitti Horsiisee bulaatti misooma fulla’aa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kan kaasan pirezidaantichi baatiiwwan ja’an darban ijaarsi hidhawwan xixiqqaa fi giduugaleessa xumuramuusaa mirkaneesaniiru.   Naannichatti nageenyaa fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman caalaatti cimanii akka itti fufanii fi qaamoleen hidhatanii socho’an karaa nagaa yoo dhufan balballi motummaa yeroo hunda banaadha jedhaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Galmoonni Ajandaa 2063 keessatti kaa’aman galma akka ga’aniif Xaaliyaaniin tumsa ishee cimsitee itti fufti
Feb 14, 2026 39
Guraandhala 7/2018 (ENA) -Galmoonni gajandaa 2063 keessatti kaa’aman galma akka ga’aniif Xaaliyaaniin tumsa ishee cimsitee itti fufti jedhan Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaan Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun har’aa jalqabee Finfineetti eegalameera.   Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii haasaa kanarratti taasisaniin, Xaaliyaan Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf carraa seena qabeessa Xaaliyaan argatteef galata guddaa qaban ibsaniiru.   Walgahiin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa waltajjii filannoowwan siyaasaa bu’uuraa fi kallattii tarsiimoo ardii kanaa itti murtaa’u ta’uu ibsaniiru. Imaammanni alaa Xaaliyaanii tumsa waloo irratti kan hundaa’e ta’uu eeruun, tumsi dhugaa walqixxummaa irratti kan hundaa’u yoo ta’u, gama lachuu kaayyoo waloo tokkoof waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Xaaliyaan tumsa dhugaa walqixxummaa irratti hundaa’e akka barbaaddu ibsuun, yaa’ii Xaaliyaanii fi Afriikaa lammataa, kan yeroo jalqabaaf Afrikaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamees akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Milkaa’ina yaa’ichaaf Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi hoggantoota Gamtaa Afrikaa galateeffataniiru. Yaa’ii kanarratti Karoora Maatee, kan Xaaliyaan biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti bu’uuraalee misoomaa, qonnaa, fayyaa fi leenjii irratti hojiirra oolchaa jirtu daran cimsuuf mariin gaggeeffamaa akka ture ibsaniiru. Akkasumas Karoorri Maatee karoora Xaaliyaanii qofa osoo hin taane pirojektii waloo Afrikaan karoora Ajandaa 2063 keessumattuu mata duree bara kanaa galmaan gahuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Karoorri kun beekumsa, teeknooloojii fi invastimantii qabnutti fayyadamnee galmoota Ajandaa 2063 keessatti kaa’aman galmaan ga’uuf akkasumas mul’ata Afrikaa tokkummaa fi badhaate uumuu, galma Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa ta’e galmaan ga’uuf kan gargaaru dha jedhaniiru. Dargaggoonni Afrikaa godaansa irra biyya isaanii keessatti hojjechuu fi jijjiiramuu akka danda’aniif misoomni humna namaa fi qulqullina barnootaa fooyyessuu kan dandeessisan hojiileen gaggeeffamuu akka qaban ibsaniiru. Kanaafis guddina ogummaa irratti invasti gochuun carraa hojii uumuu irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Xaaliyaaniin Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun hojiiwwan kanneen irratti cimtee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru.

Hawaasummaa
Misooma waaraa fi badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf tumsa biyyoota Ardii cimsuun barbaachisaa dha
Feb 14, 2026 33
Guraandhala 7/2018 (ENA) - Misooma itti fufiinsa qabuu fi badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf tumsa biyyoota Ardii cimsuun barbaachisaa ta’uu Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuf ibsaniiru. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun eegalameera.   Sirna baniinsa yaa’ichaarratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahaammud Alii Yuusuf, Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad, Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, hoggantoonni Afrikaa fi keessummoonni biroo argamaniiru. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuf wayita sana akka ibsanitti, mata dureen yaa’ichaa dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi qulqullinni isaa eegame kan jedhu, kanneen qajeeltoowwan yaa’ii kanaa ta’an, dinagdee keenyaaf furtuudha; nageenyaa fi tumsaafis barbaachisoo dha jedhaniiru. Afrikaa gidduu seentummaa alaa irraa eeguuf tokkummaa biyyoota Ardii cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruun, naannoon daldala bilisaa Ardii Afrikaa bu’a qabeessa akka ta’uuf sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru. Dhaabbileen faayinaansii, Baankiin Misooma Afrikaa, Koorporeeshiniin Faayinaansii Afrikaa fi Baankiin Impoortii fi expoortii Afrikaa, waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Dhaabbileen guutuu Afrikaa, Gamtaan Afrikaa, NEPAD fi CDC Afrikaa tattaaffii isaanii cimsuu qabu jedhan. Ardii kana deeggaruuf qabeenya biyya keessaa walitti qabuun filannoo osoo hin taane hojii dirqamaa ta’uu ibsaniiru. Karoorri diinagdee Afrikaa deebii walqixxummaa dargaggootaa fi dubartootaa kan deebisu ta’uu qaba jedhani. Damee qonnaa gara industirii qonnaa fi qindeessummaa qonnaatti ceesisuuf, bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, misooma anniisaa fi industirii ariifachiisuun barbaachisaa dha jedhani.
Naannichatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamaniiru
Feb 14, 2026 28
Guraandhala 7/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasichaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamuusaanii Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan ibsan. Yaa’iin Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 6ffaan Adaamaa galma Caffeetti gaggeeffamaa jira.   Baninsa yaa’ichaarratti Af-yaa’iin Caffee Sa’aadaa Abdurahimaan akka dubbatanitti, Caffeen bara baajatichaa walakkaa waggaatti hojii deeggarsaa fi hordoffii gaggeessaa tureera. Kanaanis Naannichatti mootummaan fayyadamummaan hawaasaa akka guddatuuf, akkasumas imalli badhaadhinaa eegalaman akka saffisu hojiiwwan deeggaran hojjetamuunsaanii mirkanaa’eera jedhaniiru. Keessuma hundeeffama caasaa gandaa haaraan diriirfamuu, tajaajila Hawaasaaf dhiheenyatti kennuun hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uusaanii kaasaniiru.   Magaalattis uummanni kenna tajaajilaarratti rakkoo yeroo dheeraaf kaasaa ture furuuf tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’achaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis itti quufinsi tajaajila hawaasaa guddachuu ibsuun, ummata biratti abdii guddaan uumamuu ibsaniiru. Walii gala fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan karoorfaman raawwiinsaanii kan jajjabeeffaman ta’uu Koreen dhaabbii caffee daawwannaa Dirree Aanaa, Godinaa fi magaalotatti taasisaniin mirkaneessaniiru jedhaniiru. Haala duub-deebii deeggarsaa fi hordoffiin kennamaniin raawwii hanqina qaban xiyyeeffannoo akka argatan taasifamuu Afayaa’iin kun hubachiisaniiru. Ummanni Nannichaa Filannoon waliiigalaa 7ffaa nagaa qabeessa, Dimokiraatawaa, Haqa qabeessaa fi hirmaachisaa fi akka ta’uuf qooda gamasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaa biroof muuxannoo guddaa dha
Feb 14, 2026 36
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaaf muuxannoo guddaa ta’uu sadarkaa itti aanaa Ministira Muummee fi itti gaafatamaa giddugala qindoomina ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaa pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah ibsani. Mariin hoggantoota sadarkaa olaanaa Afrikaatti guddina daa’immanii fi sirna dhiyeessii nyaata madaalawaa daa’immanii irratti xiyyeeffate bakka Mootiin Leesetoo fi Ambaasaaddarri sagantaa soorataa Gamtaa Afrikaa mootiin Leetisiyee 3ffaa argamanitti gaggeeffameera.   Waltajjicharratti kan hirmaatan obbo Adam Faaraah, Itiyoophiyaan mala qindoomina qabu hordofuun bu’aa armaan gadii galmeessiteetti jedhan. Itiyoophiyaan guddina daa’immanii fayyaalessaa fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti, hojiirra oolaa kan jiru sagantaan waadaa saqoxaa, Maaddii Guutuu, Ashaaraa Magariisaa milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Waadaan Saqoxaa rakkoo quucaruu daa’immanii hambiyuu fi guddina fayyaalessa ta’e ariifachiisuuf tattaaffii taasifameen haadholii fi daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman fayyadamoo ta’uu isaanii dubbataniiru. Maaddii Guutuu fi Ashaaraan Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuu irra darbee, haala jijjiirama qilleensaa kan dandamatu sirna qonnaa ijaaruuf hojiin hojjetame bu’aa argamsiiseera jedhani. Mootummaan dhiyeessii nyaataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiru akka itti fufus mirkaneessaniiru. Sirna nyaataa itti fufiinsa qabu deeggaruuf faayinaansiin mandhalee cimuu akka qabu eeruun, hojiiwwan haala qilleensaa dandamatan hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuun ni danda’ama jedhan. Dhiyeessii nyaata madaalawaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf waliin hojjechuun,badhaadhina Afrikaaf hundee kan ta’e misooma humna namaa irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.   Itti aanaan Ministira Muummee duraanii fi dura taa’aan Boordii Faawundeeshinii Addaam, obbo Dammaqaa Mokonnin akka ibsanitti, daa’imman Afrikaa hedduun sababa hanqina nyaata madaalawaan rakkachaa jiru jedhani. Afrikaa keessatti daa’imman miiliyoona 59 ol ta’an rakkoo quucaruuf kan saaxilamanidha kan jedhan obbo Dammaqaan,kanaafis biyyoonni Afrikaa fi michoonni misoomaa kurannoodhaan galma kanaaf hojjechuu qabu jedhaniiru. Carraan fuula duraa Afrikaa fi milkaa’inni Ajandaa 2063, fayyaa fi ulfina haadholii fi daa’immanii irratti kan hundaa’u ta’uus hubachiisaniiru.
Diinagdee
Itiyoophiyaan  Ulaa galaanaa  qabaachuunshee tasgabbii fulla’aa fi badhaadhina riijinichaaf murteessaadha 
Feb 14, 2026 48
Guraandhala 7/2018(ENA)- Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa qabaachuunshee tasgabbii fulla’aa fi badhaadhina riijinichaa mirkaneessuuf dhimma bu’uraa ta’uu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Itiyoophiyaan Afrikaa Addunyaa waliin walquunnamsiisaa jirtu Abbaa ulaa galaanaa Amansiisaa ta’uunshee guddina ittifufiinsa qabu, Tasgabbii riijinichaa fi badhaadhina mirkaneessuuf dhimma bu’uuraa ta’uu Ministeerri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad haasaa baninsa waltajjichaarratti taasisaniin, Itiyoophiyaan daandii qilleensaan walitti hidhaminsa Ardii fi Idil- Addunyaa cimsaa jiraachuushee ibsaniiru. Kanaanis uummata walitti fidaa, gabaa walitti hidhaa akkasumas geejiba shaqaxaa saffisiisaa jirra jedhaniiru. Imala kana itti fufsiisuuf Itiyoophiyaan Afrikaan gatii idil-Addunyaa keessatti bakka guddaa akka qabaattu kan taasisuu fi buufata xiyyaaraa isa guddaa ta’ee ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Buufanni xiyyaaraa guddaan kun dhaloota dhufuuf balbala seensaa akka ta’u dubbataniiru. Qooda gama Aviyeeshiniin qabduun alattis, gama Itiyoo telekoomiin tumsa ardii tarsiimawaa cimsuun guutuu Afriikaatti waliin gahiinsa dijitaalaa babal’isaa akka jiru kaasaniiru. Haa ta’u malee, walitti hidhamiinsi guutuu ta’uu qaba kan jedhan ministirri muummee, ummata miil. 130 kan qabdu Itiyoophiyaan guddina egeree mirkaneessuuf waliin gahiinsa filannoo garagaraa ishee barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf ammoo qajeeltoo tumsa karaa nagaa jedhuun Ulaa galaanaa akka qabaattu gochuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa jirti
Feb 14, 2026 35
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu ministirri muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaan kun mata duree “ dhiheessiin bishaanii fulla’aa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun,milkaa’ina galmoota ajandaa 2063” jedhuun gaggeeffamaa ira. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad baniinsa sagantichaarratti dubbii dubbataniin, keessummoonni gara dachee dur-durii gara Itiyoophiyaa baga nagana dhuftan jedhaniiru. Bishaan qabeenya ta’uurra darbee bu’ura misoomaa, kalaqaa fi tasgabbii ta’uu ministirri muummee dubbii dubbataniin ibsaniiru. Itiyoophiyaan mul’ata bishaan Afriikaa 2025 bu’ureffachuun itti fayyadamni bishaanii itti gaafatamarratti hundaa’e faayidaa misoomaaf qabu hojiin agarsiisaa akka jirtu dubbataniiru. Kanaaf ammoo hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi mana keessattii fi industiriif madda anniisaaf ooluun gamatti, biyyoota ollaaf humna ibsaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa kan mirkaneessu bu’aa tooftaa qabeessa ta’uu eeraniiru. Dinagdeen Afriikaa Kan Isiyaa waliin walqixa jechuun haala danda’amuun guddachaa akka jiru ministirri muumee ibsanii, Itiyoophiyaan xumura bara bajataa kanatti dhibbantaa 10 tuqaa 2 akka guddattu eeraniiru. Afriikaan A.L.A bara 2035 addunyaarraa humna namaa dargaggoo olaanaa kan gumaachitu ta’uu eeranii, kana gara badhaadhinaatti jijjiiruuf barnoota, fayyaa fi dhiheessii nyaata madaalawaa irratti invast gochaa akka jiran ibsaniiru. Magaalonni Afriikaa magariisa, dhala namaaf mijataa fi fayyadama dargaggoo kan mirkaneessan ta’uu akka qaban eeranii, misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetaman kanaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetame sararoota bishaanii faalaman gara bakka bashannana ummataa qulqulluu fi miidhagaatti jijjiiruusaa dubbataniiru. Kun ammoo balaa lolaa hir’isuurra darbee kabaja deebisuudhaan walitti hidhamiinsi hawaasummaa akka cimu gochuusaa dubbataniiru. Magaalaan Afriikaa fuula duraa kun miilaan deemuuf mijataa, magariisaa fi dargaggoota jiddugaleessa kan godhate, akkasumas kabajnii fi abbummaan kan itti dhaga’amu ta’uu akka qabu dubbataniiru. Baadiyyaattis hojmaata ammayyaa diriirsuudhaan jireenya namootaa fooyyessaa fi hawaasa gabaa waliin walitti fudaa jira jedhaniiru. Adeemsi qindaa’aan kun eegumsa naannoo fi kunuunsa haala qilleensaa misoomaan wal qabsiisa jechuun ibsaniiru. .Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin amma ammaatti biqiltuuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuushee ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisaniiru. Dhiibbaan jijjiirama haala qilleensaa karaa haqa qabeessaa ilaalamuu akka qabu eeranii, Afriikaan waltajjii addunyaarratti sagalee tokkoon dubbachuu akka qabdu hubachiisaniiru.
 Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa fi addunyaa walitti fiddudha- Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 13, 2026 61
Guraandhala 6/2018(ENA)- ‎ Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa fi addunyaa walitti fiddu ta’uushee Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin Xaaliyaanii-Afriikaa lammaffaan wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamuu eegaleera. Yaa’iin Itiyoophiyaaa fi Xaaliyaanii waloon qopheessan kun Itiyoophiyaan wiirtuu dippilomaasii ta’uushee irra deebi’uun kan mirkaneessuu fi waltajjii dippilomaasiirratti iddoo guddaa akka qabdu ifatti kan mul’isudha. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad baniinsa yaa’ichaarratti dubbii dubbataniin, Itiyoophiyaan mariilee tarsiimawaa ta’an gara bu’aalee misoomaa qabatamaatti jijjiiruuf hojjechaa jirti. Tumsa misoomaa kana Xaaliyaanii, obbolootaa fi obboleewwanshee Afriikaanotaa akkasumas tumsitoota biroo waliin cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaan wiirtuu dippilomaasii, Aviyeeshinii fi loojistiksii Afriikaa addunyaa waliin walitti fiddu ta’uushee ministirri muummee ibsanii, Itiyoophiyaan sagaleen Afriikaa waltajjiiwwan idil addunyaarratti olkaasuuf hojjechaa jiraachuushee dubbataniiru. Itiyoophiyaan misooma fi badhaadhina fulla’aa Afriikaaf bu’ura kaa’aa akka jirtu eeranii, adeemsi fakkeenya qabu kun damee tumsaa idil addunyaarrattis cimee itti ni fufa jedhaniiru. Qabeenyi guddaan Afriikaan qabdu dargaggoo ta’uu eeruun, ogummaa fi kalaqaaf maallaqa ramaduudhaan carraalee egeree fayyadamuun akka barbaachisu eeraniiru. Keessumaa hubannoon nam-tolchee cehumsa dijitaalaaf, bu’ura misoomaa Inarjiif, wabii nyaataa fi sirni fayyaa fooyya’uun murteessaa akka ta’e eeranii, kanaaf qophaa’uu fi hojjechuun barbaachisaadha jedhan. Maatii Pilaaniin Xaaliyaanii fooyyessa dinagdee man-dhalee Itiyoophiyaa waliin akka wal simu ibsaniiru. Dandeettii kalaqaa Afriikaa teeknooloojii fi kaappitaala Awurooppaa waliin qindeessuun furmaattota ardii lamaaniif badhaadhina Fidan ijaaruun akka danda’amus dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf qophiitti jirti - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 14, 2026 25
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ogummaa damee hubannoo namtolchee irratti qabdu daran guddisuuf Yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuuf qophii irra jiraachuu doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna baniinsa kanarratti haasawaa taasisaniin, jijjiiramni teeknooloojii Itiyoophiyaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n kan qajeelfamu ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa dijiitaalaa lammiilee wiirtuu misoomaa taasisan ijaaramaa akka jiran hubachiisuun, keessattuu waraqaan eenyummaan dijitaalaa biyyoolessaa Faaydaa jedhamu sirna kaffaltii fi odeeffannoo waljijjiirraa waliin qindoomuun lammiileen tajaajila gahumsaa fi nageenyi isaa eegame akka argatan taasisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2020tti Afrikaa keessatti Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee isa jalqabaa hundeessuu ishee yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana yaadama ida’amuu irratti kan hundaa’e yuunivarsiitii hubannoo namtolchee sadarkaa idil addunyaa eeggate banuuf qophiirra akka jirtus ibsaniiru. Yuunivarsiitichi namaa fi maashina kan walitti fidu ta’uu eeruun, haalawwan biyya keessaa qorannoo saayinsii idil-addunyaa waliin kan qindeessu, Afrikaan bara teeknooloojii keessatti gahee mataa ishee akka galmeessitu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi teeknooloojii kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, guddina diinagdee saffisiisuun hirmaannaa Afrikaa dirree teekinooloojii addunyaa keessatti cimsuu akka ta’e Ministirri Muummee mirkaneessaniiru.
Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru
Feb 11, 2026 88
Guraandhala 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaabooritti bara bajatichaa walakkaa waggaatti jiraattonni kuma112 ol eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhachuusaanii Bulchiinsi Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Mahaammadxahaa Abbaa Fiixaa, jiraattonni godinichaa eenyummeessaan Dijiitaalaa imala Dijiitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kan deeggaru ta’uu hubachuun, eenyummeessaa kana fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Eenyummeessaa Dijiitaalaa kallattiiwwan biyyaalessaa damee Teekinooloojiin qabaman keessaa tokko ta’uu ibsuun jiraattonni godinicha hundi eenyummeessaa kana akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.   Bara baajataa qabame jiraattonni kuma 164 ol eenyummeessaa dijiitaalaa akka argatan karoorfamee walakkaa waggaatti jiraattonni kuma 112 ol ta’an argachuusaanii ibsaniiru. Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru. Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun, kenniinsa tajaajilaa saffisaa kennuuf  dandeessiseera
Feb 10, 2026 114
Guraandhala 3/2018 (ENA) - Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan dandeessisaa jira jedhan hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii. Teekinooloojii dijitaalaan damichaa deeggaruun tattaaffiin taasifamaa jiru sirna ammayyaa fi kenniinsa tajaajilaa saffisaa ta’e kennuudhaan guddina biyyoolessaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira. Akka hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii jedhanitti, sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan taasisaa jira. Biiroo Misooma Daldalaa fi Industirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Daarektarri Galmeessaa fi eeyyama Daldalaa obbo Saamu’eel Gujoo ENAtti akka himanitti, sirni dijitaalaa tajaajila faayinaansii si’aawaa taasisuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fideera. Keessattuu tajaajilli dijitaalaa kun hawaasni daldalaa gara dhaabbilee faayinaansii osoo hin deemiin, bakka jiran hundatti tajaajila akka argatan taasisaa jira jedhani. Galmeen daldalaa haaraa, haaromsa eeyyama daldalaa fi tajaajiloonni biroo karaa sirna dijitaalaa kennamaa akka jiran himaniiru. Ji’oota 6’n darbanitti eeyyamni daldalaa kuma 107 ol kan haaromfame yoo ta’u, kana keessaa kuma 57 ol karaa ‘e-Trade’ fi tajaajila ‘Woreda Net’n kan kenname ta’uu ibsameera. Daldaltoonni naannichaa Godinoota 12 fi magaalota Riijiwoo poolisii 3 keessa jiran bakka jiranitti tajaajila akka argatan gochuun, hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa kanaan rakkoolee hedduun furmaata argataniiru jedhan obbo Saamu’eel. Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Damee Arbaa Minci obbo Darajjee Maarqos "Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tajaajila dameewwan faayinaansii haaromsuun barbaachisaa dha" jedhan. Hojiin faayinaansii baankichaa dhibbeentaan 87 ol sirna dijitaalaan kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni filannoo kaffaltii adda addaa baankichi qopheesse fayyadamuun mana isaanii ykn bakka hojii isaanii taa’anii tajaajila argachaa akka jiran hogganaan kun ibsaniiru. Gargaarsa baankii moobaayilaatiin maamiltoonni yeroo fi bakkaan osoo hin daangeffamiin daldala gaggeessuu kan danda’an yoo ta’u, karaa baankii interneetii dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa daldala gaggeessuu fi hojjettoota isaaniif tajaajila kennuu danda’u jedhan. Kunis kaffaltii akka raawwatan haala mijataa uumeera jedhaniiru. Maamiltoonni waraqaa eenyummaa biyyoolessaa isaanii sirna baankii waliin walqabsiisuudhaan tajaajila amanamaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru obbo Darajjeen. Tajaajilli dhaabbilee faayinaansii dijiitaala ta’uun baasii fi rakkina nu mudatu irraa nu baraareera kan jedhe immoo dargaggeessa jiraataa magaalaa Arbaa Minci kan ta’e Hardiidoo Doloboo dha.
Ispoortii
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata 
Feb 10, 2026 183
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa 
Feb 8, 2026 182
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera.   Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.   Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira.   Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 139
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira.   Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan.   Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 114
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira.   Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Feb 2, 2026 221
Amajji 25/2018(ENA) – Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Bulchiinsa Magaalaa Maayaa jalatti kan argamu bakkeewwan hawata turizimii ta’an keessaa tokko Haroo Haramaayaati. Harri Haramaayaa waggoota hedduuf gogee kan ture yoo ta’u,hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa fi Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin bishaan kuufachuun akka duriisaatti deebi’eera. Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni naannichaa hara sana kunuunsuunii fi misoomsuun lakkoofsi dawwattootaa dabalaa dhufuu isaa hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru. Yeroo ammaa Harichi bakka bashannanaa ta’uu irra darbee,dargaggootaaf carraa hojii uumaa kan jiru yoo ta’u, diinagdee damee kana irraa argamu guddisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Naannichi qabeenya uumamaa hedduu kan qabu ta’uu fi lafa madda aartistootaa ta’uu himaniiru.   Kantiibaan Magaalaa Maayaa doktar Ifraahi Waziir gama isaaniin, kunuunsa bishaanii fi biyyee akkasumas Ashaaraa Magariisaan kan deebi’e Harri kuni, kunuunsi qabeenya uumamaa cimee hojjetamaa jira jedhan. Kana malees madda galii ta’aa jira jedhan.   Harri Haramaayaa kunuunsa isaaf taasifameen miidhagee carraa hojii dargaggootaas ta’ee jiraachuu isaa argeera kan jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti ogeessa turizimii Oliiyaad Bariisoo dha. Naannichatti abbootii qabeenyaa affeeruun loojiiwwanii fi riizoortiiwwan babal’isuun hojiilee fooyya’aa hojjechuun akka danda’amus ibsan obbo Oliyaad.   Haroo Haramaayaa irratti tajaajila bidiruu kan kennu dargaggeessi Muktii Ahimad daawwattoota bidiruutiin daawwachiisuun dabalatatti hojii misooma qurxummii irratti hirmaachaa jiraachuus himeera.
Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiru
Feb 2, 2026 191
Amajjii 25/2018 (ENA)- Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu abbaan taayitaa eegumsa naannoo beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa lafa bishaan qabnii kan baranaa mata duree “lafa bishaan qabuu fi beekumsa mandhalee, hambaa aadaa keenyaa haa kabajnu” jedhuun kabajaa jira. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Fireenash Makuraa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan lafa bishaan qabuu fi lubbu qabeeyyii gragaraan kan badhaatedha. Qabeenyi uumamaa kunneen kunuunfamanii dhalootatti akka darban beekumsa mandhalee fi toftaawwan kunuunsa karaa aadaa qooda olaanaa bahachaa akka turan turuusaanii ibsaniiru. Hawaasni seerota aadaa fi duudhaalee dur qabuun lafa bishaan qabuu fi bishaan kunuunsaa turuusaa eeraniiru. Lafti bishaaan qabatu faayidaa olaanaa taasisaa akka jiran eeranii, bishaan faalame karaa uumamaan calaluu, balaa lolaa ittisuu fi jiidha lafaa eeguu akkasumas jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi hoo’a naannawaa hir’isuu wabeeffataniiru. Miidhaa qabeenya uumamaa kanneen irra qaqqabu furuuf beekumsi saayinsaawaa ammayyaa beekumsa mandhalee waliin qindeessuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirojektoonni ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lagaa yeroo ammaa hojjetamaa jiran nageenya lafa bishaan qabataniif gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Abbaan taayitichaa naannolee fi qaamolee qooda fudhattootaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru eeranii, kunuunsi taasifamu mootummaa qofaan osoo hin taane itti gaafatama hawaasaa, dhaabbilee qorannoo fi dame dhuunfaa ta’uu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16781
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2053
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015