ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Yeroon Seenaa keenya Afaan keenyaan itti himnu amma
May 7, 2026 0
Ebila 29/2018(ENA):Hirmaattonni yaa'ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa, yeroon seenaa keenya afaan keenyaan itti himnuu fi itti galmeessinu amma jechuun ibsan. Yaa'iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa Palsi Of Afrikaa ("Pulse of Africa) (POA) fi Intarpiraayizii teekinoolojii A.G.A waliin ta'uun qopheessan Finfinnee Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffama. Yaa'iin kun dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa waltajjii tokkotti walitti fiduun, dhimmoota mul’ata Ardii waloo guddittii kanaa irratti akka mari’atan waltajjii dandeessisudha. Hirmaattonni yaa'ichaa dhiibbaa uumtota miidiyaa Hawaasummaa ardii Afriikaa kallaattii arfaniin gara Finfinnee dhufuun hojiiwwan adda addaa daawwachuu eegalaniiru. Dhiibbaa uumtuun miidiyaa Hawaasaa Sudaan Kibbaa irraatii dhufte Adiit Suzaan namoonni yeroo baay'ee waa'ee bifa badaa Afrikaa malee dandeettii, kennaa fi eebba ishee hin dubbatan jetteetti. Afrikaan biyya bareedduu hundi daawwachuu qabu ta'uu eeruun, yaa'iin kun dhiibbaa uumtoota walitti fiduun hariiroo isaanii akka cimsus ibsiteetti. Yaa'iin Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa), (POA)fi intarpiraayizii teeknoolojii AGA-Tech waliin qindoomuun qophaa'e kun, dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa tokko taasisuu ni dandeessisa jetteetti. Keevan Gumbii (KBG) Maalaawii irraa kan dhufe Afrikaan madda qabeenyaa, seenaa bareedinaa fi aartii ajaa'ibsiisaa ta'uu ibseera. Yeroo baay'ee seenaa keenya namoota birootu nutti hima turan, amma garuu yeroon seenaa keenya afaan keenyaan itti himnuu fi itti galmeessinu dhufeera, jedhe. Mooses Keyuunee Yugaandaarraa kan dhufe yaanni yaa'ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kun qabatee dhufe baay'ee gaarii ta'uu dubbatera. Afrikaanonni haala kanaan wal’arguun isaanii akka wal baran, aadaa isaanii akka waliif qoodanii fi akka guddisan carraa gaarii kan uumu ta’uu ibseera. Yaa'iin kun walirraa barachuu fi muuxannoo wal-jijjiiruuf carraa guddaa ta'uu isaas hirmaattonni ibsaniiru.
Hirmaattonni Yaa’ii Dhiibbaa Uumtota Miidiyaa Hawaasaa Afriikaa jalqabaa Inistitiyuutii Hubannoo namtolechee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru
May 7, 2026 23
Ebila29/2018(ENA):Hirmaattonni Yaa’ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa jalqabaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru. Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026), dhugaa Afrikaa Addunyaatti beeksisuufi dhimma diijitaalaa abbummaan geggeessuuf kaayyeffate, Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti har'aafi boru ni geggeeffama. Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru. Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru. Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti. Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa) fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha. Yaa’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa itti gaafatamummaa qaban jajjabeessuuf, Dinagdee Dijitaalaa cimsuuf, walta'iinsa uumuufi Finfinnee wiirtuu aadaafi dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffatedha.
Walgahiin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa fuula dhugaa ardii kanaa beeksisuuf bu'uura cimaa kan kaa’udha
May 7, 2026 23
Ebla 29/2018 (ENA): Yaa’iin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa fuula dhugaa ardii kanaa beeksisuuf, ajandaa jijjiiramaa ijaaruuf bu’uura cimaa kaa’aa jira jedhan hirmaattonni yaa’ichaa. Fuula dhugaa Afrikaa addunyaatti beeksisuu fi ajandaa dijitaalaa irratti seeneffama dogongoraa hogganuuf kan kaayyeffate Yaa’iin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa (ASMIS 2026) inni jalqabaa magaalaa Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti har’aa fi boru ni gaggeeffama. Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru. Kana malees, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban walitti dhufanii wiirtuu dippilomaasii addunyaa Finfinnee seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa’aniiru. Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru. Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti. Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun ‘Pulse of Africa" fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha. Hirmaattota waltajjichaa keessaa dargaggeessi Keeniyaa Saamu’eel Maabootee Finfinneen “magaalaa guddoo Afrikaa dhugumatti bareedduu dha jechuun ibsuun, waltajjii guddaa kana irratti hirmaachuu isaatti akka boonu dubbateera. Qindeessitoota waltajjii kanaa, kan yeroo jalqabaaf guutuu Afrikaa irraa qabiyyee uumtota walitti fide kana kan galateeffate Saamu’eel, miidiyaan hawaasaa egeree keenya, bara ammayyaa kana keessas ce’uu qabna jedheera. Miidiyaa hawaasaa fayyadamuun Afrikaa ijaaruu fi jijjiiruuf murteessaa ta’uu ibsuun, qabiyyee uumtota addunyaa mara irraa dhufan waliin wal arguu fi muuxannoo wal jijjiiruuf qophii ta’uu eereera. Waltajjiiwwan akkanaa Afrikaa abdii haaraan ijaaruu fi jijjiiruu keessatti iddoo guddaa akka qabu himeera. Kaameeruun irraa kan dhufe Mostik Kaarismatik, konfiraansiin kuni waan guddaa ta’uu himeera. Obbolooleewwan Afrikaanota waliin walbaruuf carraa guddaa akka ta'us dubbateera. Yaada bilchaataa Afrikaa cimtuu ijaaruu fi dhiibbaa dargaggootaa cimaa uumuuf carraa guddaa ta’uu ibseera. Hirmaattota waltajjichaa keessaa Biraadilii Maaroongoon Finfinneetti argamuun gammachuu guddaan akka itti dhagahame eereera. Finfinneen magaalaa guddittii jechuun kan jaje dargaggeessi qabiyyee uumuu kun, waliin hojjechuu fi muuxannoo wal jijjiiruuf qophii ta'uu mirkaneesseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa damee Aviyeeshiniitiin Afrikaa addunyaa waliin wal qunnamsiisuu keessatti gahee adda duree taphachaa jira
May 7, 2026 35
Ebla 29/2018 (ENA): Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa damee aviyeeshiniitiin Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiisuu keessatti gahee adda duree taphachaa akka jiru itti gaafatamaan Daandii Qilleensaa Eerbaasii Afrikaa himan. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaas oomishaalee fi tajaajiloota gabaa addunyaatti geessuun daldalaa fi invastimantii saffisiisaa jira jedhan Pireezidaantiin Waldaa foon alatti erganii Itiyoophiyaa obbo Kaliifaa Huseen. Daarektarri Gabaa Daandii Xiyyaaraa Eerbaasii Afrikaa Juup Ilaarsi ENAtti akka himanitti,Industiriin aviyeeshinii damee daldalaa fi invastimantii ardiilee gidduutti haala mijeessuuf gahee olaanaa qab jedhani. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila balalii waggoota 80 darbaniif Afriikaa addunyaa waliin walqunnamsiisuun adda duree ta’uu ibsaniiru. Oomishaalee fi tajaajiloota Afrikaa gabaa addunyaatti beeksisuun daldalaa fi invastimantii guddisaa jiraachuu ibsaniiru. Daangaa balalii isaa babal’isuun hariiroo hawaas-dinagdee, daldalaa fi invastimantii Afrikaa guddisuu keessatti gahee ijaarsaa taphachaa akka jirus hubachiisaniiru. Keessummeessitoonni Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa taasisan kan galateeffamu ta’uus mirkaneessaniiru. Tajaajila balalii bira darbee guddina damee aviyeeshinii Afrikaa suphaa xiyyaara, barnootaa fi leenjiitiin guddisuuf hojjechaa akka jirus eeraniiru. Itti dabaluunis Eerbaasiin tumsa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa waliin qabu daran cimsee leenjii aviyeeshinii irratti waliin hojjata jedhaniiru. Pireezdaantiin Waldaa foon qalanii alatti ergani gama isaaniitiin, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo idil-addunyaa Afrikaa ta’uu ibsaniiru. Babal’inni balalii daandiin xiyyaaraa kun oomishaalee fi tajaajiloota gabaa addunyaaf dhiyeessuun tumsa daldalaa fi invastimantii cimsuus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajilichi dhiheessii Anniisaa Amansiisaa babal’insa Sararawwan raabsaa Haarawaa gaggeesse
May 7, 2026 44
Ebila29/2018(ENA) - Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ji’ootan saglan darbanitti dhiyeessiin Annisaa Amansiisaa ta’e akka jiraatuuf hojii hojjateen, sararoota raabsaa haarawaa kiiloomeetira kuma 9 fi 588 raabsa sarara haaraa gaggeesseera. Haala Kanaan kiilomeetirri kuma 3 fi 518 sarara giddu-galeessaa yoo ta’u, kan hafe immoo diriirsa sarara gadi-aanaa irratti kan raawwatame ta’uu hojii raawwachiisaan Komunukeeshinii Tajaajila Elektiriikii Itiyoophiyaa Anuwaar Abraar dubbataniiru. Dabalataanis dhiheessii Anniisaa kana guddisuuf tiraansifoormaroota raabsaa haaraa dandeettii garaa garaa qaban kuma 3 fi 683 dhaabuun raawwatamuu akka danda’ame ENA’f mirkaneessaniiru. Bu’uuraalee misoomaa Elektiriikaa duraan ture fooyyessuu fi addaan ciccitinsa Anniisaa hir’isuurratti sarara giddu-galeessaa kiiloo meetira kuma 62 fi 274 kan uwwisu akkasumas tiraansifoormaroota kuma 67 fi 131 irratti qorannoon ittisa duraa gaggeeffameera jedhaniiru. Gama biraatiin, ji’oottan saglan darbanitti ijaarsi sarara giddu-galeessaa kiiloo meetirri kuma 3 fi 99 fi gadi-aanaa deebisanii ijaaruun kan raawwatame yoo ta’u; tiraansifoormaroota raabsaa duraan ture kuma1 fi 579 irratti hojiin dandeettii fooyyessuu hojjetamuu isaa beeksisaniiru. Sababoota addaan citinsa humna elektiriikiif ta’an qorannoon adda baasuu fi tarkaanfii fudhachuu dabalatee, sararoota dullooman deebisanii ijaaruu, dandeettii dabaluu fi fooyyessuu akkasumas giriidii guddaa fi filannoo annisaa aduutiin bu’uura-misooma elektiriikii haaraa baasii guddaadhaan ijaaraa akka jiru ibsaniiru.
Siyaasa
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministira muummee Nezerlaandis Roob Jeeten waliin dhimmoota gam-lameerratti mari’atan
May 6, 2026 334
Ebla 28/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministira muummee Nezerlaandis Roob Jeeten waliin bilbilaan marii bu'dhimmoota gam-lameerratti mari’atan Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, turtii ministira muummee Roob Jeeten waliin taasisaniin dhimmoota gam-lameerratti mari’achuusaanii ibsaniiru. Marii gaggeessaniin dhimmoota gam-lameerratti kan mari’atan yoo ta’u, tumsa dameelee garagaraa irratti qaban caalaa cimsuun haala danda’amurratti yaada wal jijjiiruusaanii beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan himannaa bu'uura hin qabne Sudaan irraa dhiyaate kufaa taasifte
May 5, 2026 439
Ebla 27/2018 (ENA): Itiyoophiyaan himannaa bu’uura hin qabne mootummaan Sudaan irratti bane kuffisuu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen beeksiseera. Himannaan waraanni Sudaanii fi Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan waliin Itiyoophiyaa irratti bane bu’uura kan hin qabne ta’uu ministeerichi beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Carraa mijaa’etti fayyadamuun kaardii filannoo fudhanneerra – Barattoota Yunivarsiitii
May 2, 2026 839
Ebla 24/2018 (ENA) – Carraa boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa barattoota Yunivarsiitiif mijeessetti fayyadamuun kaardii filannoo fudhachuusaanii barattoonni Yunivarsiitii Asoosaa dubbatan. Pirezidaantiin gamtaa barattootaa Yunivarsiitichaa barataa Malkaamuu Malaakuu akka ibsetti, barattoonni Yunivarsiitichaa mirga demokiraasii isaaniitti gargaaramuun paartii ijaarsa biyyaaf, nagaa fi misoomaaf gumaacha taasisu akka filatan carraan uumamuunsaa kan jajjabeeffamudha. Barattoonni bakka jiranirraa teeknooloojiin deeggaramanii akka galmaa’an mijachuunsaas fooyyee gaarii filannoo walii galaa 7ffaa irratti mul’ate ta’uu eereera. Barattuu Ababaa Yenyaanoo gamasheetiin, barattoonni filannoorratti akka hirmaannu godhamuunsaa mirga filachuu qabnutti gargaaramnee paartii biyyattii nagaa fi ijaarsa biyyaatiin fuulduratti tarkaanfachiisu filachuuf carraa nuuf kenna jetteetti. Carraa barattootaaf mijatetti fayyadamuun kaardii filannoo fudhachuusaa kan ibse barataa Abiiyan Kuukkuu, bakka jiranitti kaardii fudhachuu danda’uunsaanii yeroo fi humna waan qusatuuf jajjabaachuu qaba. Filannoo walii galaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamurratti paartii siyaasaa barbaaduuf sagalee kennuun itti gaafatama lammummaa bahachuuf qophaa’uusaa dubbateera.
Hojiilee misoomaa waggoottan darban raawwatamaniin fayyadama hawaasaa mirkaneessuun danda’ameera
May 2, 2026 560
Ebla 24/2018 (ENA) - Hojiilee misoomaa waggoottan shanan darban raawwatamaniin fayyadama hawaasaa mirkaneessuun danda’amuusaa paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira dame magaalaa Finfinnee Mogod Baalchaa ibsan. Dadammaqsi filannoo walii galaa 7ffaa paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Fininneetti gaggeeffamaa jira. Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa Adaanech Abeebee, af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’uun dorgoman, miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa saganticharratti argamaniiru. Obbo Mogos Baalchaa wayita kana ergaa dabarsaniin, hojiilee misoomaa gurguddoo waggoottan shaman darban raawwatamaniin fayyadama ummataa mirkaneessuun danda’ameera. Mootummaan ida’amuu Itiyoophiyaa keessatti badhaadhina mirkaneessuu kan dandeessisan bu’ura amansiisaa kaa’uusaa hubachiisaniiru. Hojiileen namarratti xiyyeeffatan jireenya namoota hedduu bu’urarraa jijjiiruun buaa argamsisuusaanii eeranii, paartiin badhaadhinaa paartii waadaa galeef amanamu ergamasaa galmaan ga’uuf kan si’oome ta’uu beeksisaniiru. Hojiileen Finfinnee miidhagsuuf hojjetaman jijjiirama qabatamaa fiduusaanii ibsaniiru. Hojiilee misoomaa kanneen ciminaan itti fufsiisuu fi fayyadama ummataa caalaatti mirkaneessuuf hawaasni paartii badhaadhinaa akka filatu gaafataniiru.
Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti ni raawwata
May 2, 2026 556
Ebla 24/2018(ENA)- Paartiin badhaadhinaa hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessan caalaatti akka raawwatu miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dadammaqsi filannoo walii galaa 7ffaa paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Fininneetti gaggeeffamaa jira. Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa Adaanech Abeebee, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee magaalaa Finfinnee Mogos Baalchaa, af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’uun dorgoman, miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa saganticharratti argamaniiru. Miseensi hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa fi kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee wayita kana akka jedhanitti, hundaa olitti abbaan aangoo ummatadha. Hirmaannaa fi tumsa ummataan alattti badhaadhina mirkaneessuun akka hin danda’amne dubbataniiru. Waggoottan darban paartiin badhaadhinaa hojiiwwan fayyadama ummataa mirkaneessan hedduu raawwachuusaa kan dubbatan kantiibaan kun, humni lafa kanaa badhaadhina Itiyoophiyaa hin dhaabne akka hin jirre ibsaniiru. Hojiileen misoomaa magaalattiitti hojjetaman eenyuyyuu kan hidaganne hunda kan ofkeessatti qabate ta’uu eeranii, hojiileen kunneen fayyadama dinagdee fi hawaasummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha jedhaniiru. Paartiin badhaadhinaa paartii waadaa gale eegudha kan jedhan kantiibaa Adaanech, akkaataa waadaa galeen maqaa gaarii magaalattii ijaaruusaa dubbataniiru. Paartiin badhaadhinaa fuulduras fayyadama ummataa mirkaneessuuf akka hojjetu waadaa galuun “badhaadhina Filadhaa” jechuun dhaamaniiru.
Sagantaan dadammaqsa filannoo paartii badhaadhinaa Istaadiyoomii Finfinneetti gaggeeffamaa jira
May 2, 2026 537
Ebla 24/2018(ENA)- paartiin badhaadhinaa Sagantaan dadammaqsa na filadhaa filannoo walii galaa 7ffaa mata duree “Itiyoophiyaan biyya gara fakkeenyummaatti” jedhuun Istaadiyoomii Finfinneetti gaggeefssa jira Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee fi kaadhimamtoonni paartii badhaadhinaa bakka bu’uun mana maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree magaalaa Finfinneef dorgoman saganticharratti argamaniiru.
Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filataman
May 1, 2026 907
Ebla 23/2018 (ENA)- Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamaniiru. Miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa kan ta’an doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamuusaanii odeeffannoon mana marichaa ni mul’isa. Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamuusaaniitti gammaduusaa ibsee bara hojii gaarii akka ta’uuf hawweera
Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti hojiiwwan dippilomaasii dantaa biyyaalessaa ishee eegsisu gaggeessaa jirti - Ministeera Dhimma Alaa
Apr 30, 2026 1218
Ebla 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti barbaachisummaa ishee guddisuu fi dantaa biyyaalessaa ishee eegsisan hojii dippilomaasii gaggeessaa jirti jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo. Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachow sochii dippilomaasii yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kennaniin, pireesidaantonni Burundii, Laayibeeriyaa, Moozaambiikii fi Sudaan Kibbaa torbeewwan darban keessa daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti taasisan yaadachiisaniiru. Hoggantoonni kunneen hariiroo biyyoota gidduu jiru daran cimsuuf daawwannaa isaaniin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad (Dr.) waliin marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan muuxxannoo ishee waliif qooduuf waliigalteewwan biyyoota lamaanii mallatteessuun hubannoo namtolchee, qonna, turizimii, ashaaraa magariisaa fi dameewwan biroon guddina olaanaa galmeessitetti waliin hojjechuuf waliif mallatteessuu ishee eeraniiru. Haaluma kanaan, Daawwannaa Ministiroota Dhimma Alaa Poorchugaal, Baanglaadeesh fi Oostiriyaa fi Ergamaa addaa Chaayinaa gaanfa Afrikaatti taasisanis eeraniiru. Kunis ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti qabdu akka gaariitti kan calaqqisiisu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Gidiyoon Ximootiyoos daawwannaa Iswiidinii fi Noorweeyitti taasisaniin hoggantoota hojii mootummaa akkasumas hoji gaggeessitoota dhaabbatichaa waliin marii bu’a qabeessa taasisaniiru jedhan. Itiyoophiyaan hojii dippilomaasii daldalaa fi invastimantii keessattuu anniisaa haaromfamuu danda’u, teeknooloojii, turizimii fi dameewwan biroo irratti waliin hojjechuuf kan dandeessisu raawwachuu ishee ibsaniiru. Itiyoophiyaan pirezidaantummaa Mana Maree Nageenyaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa haala gaariin raawwachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan Galooo Galaana Hormuuz irratti ajandaa marii akka dhiheessite eeruun, akkasumas dhimmoota nageenya ardiilee biroo irrattis yaada ishee ibsiteetti. Hariiroon biyyoota lamaanii, biyyoota hedduu fi hojiin dippilomaasii Itiyoophiyaa dantaa biyyaalessaa ishee eegsisuun dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti fudhatamummaa ishee akka dabalu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Hawaasummaa
Yeroon Seenaa keenya Afaan keenyaan itti himnu amma
May 7, 2026 0
Ebila 29/2018(ENA):Hirmaattonni yaa'ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa, yeroon seenaa keenya afaan keenyaan itti himnuu fi itti galmeessinu amma jechuun ibsan. Yaa'iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa Palsi Of Afrikaa ("Pulse of Africa) (POA) fi Intarpiraayizii teekinoolojii A.G.A waliin ta'uun qopheessan Finfinnee Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffama. Yaa'iin kun dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa waltajjii tokkotti walitti fiduun, dhimmoota mul’ata Ardii waloo guddittii kanaa irratti akka mari’atan waltajjii dandeessisudha. Hirmaattonni yaa'ichaa dhiibbaa uumtota miidiyaa Hawaasummaa ardii Afriikaa kallaattii arfaniin gara Finfinnee dhufuun hojiiwwan adda addaa daawwachuu eegalaniiru. Dhiibbaa uumtuun miidiyaa Hawaasaa Sudaan Kibbaa irraatii dhufte Adiit Suzaan namoonni yeroo baay'ee waa'ee bifa badaa Afrikaa malee dandeettii, kennaa fi eebba ishee hin dubbatan jetteetti. Afrikaan biyya bareedduu hundi daawwachuu qabu ta'uu eeruun, yaa'iin kun dhiibbaa uumtoota walitti fiduun hariiroo isaanii akka cimsus ibsiteetti. Yaa'iin Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa), (POA)fi intarpiraayizii teeknoolojii AGA-Tech waliin qindoomuun qophaa'e kun, dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa tokko taasisuu ni dandeessisa jetteetti. Keevan Gumbii (KBG) Maalaawii irraa kan dhufe Afrikaan madda qabeenyaa, seenaa bareedinaa fi aartii ajaa'ibsiisaa ta'uu ibseera. Yeroo baay'ee seenaa keenya namoota birootu nutti hima turan, amma garuu yeroon seenaa keenya afaan keenyaan itti himnuu fi itti galmeessinu dhufeera, jedhe. Mooses Keyuunee Yugaandaarraa kan dhufe yaanni yaa'ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kun qabatee dhufe baay'ee gaarii ta'uu dubbatera. Afrikaanonni haala kanaan wal’arguun isaanii akka wal baran, aadaa isaanii akka waliif qoodanii fi akka guddisan carraa gaarii kan uumu ta’uu ibseera. Yaa'iin kun walirraa barachuu fi muuxannoo wal-jijjiiruuf carraa guddaa ta'uu isaas hirmaattonni ibsaniiru.
Walgahiin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa fuula dhugaa ardii kanaa beeksisuuf bu'uura cimaa kan kaa’udha
May 7, 2026 23
Ebla 29/2018 (ENA): Yaa’iin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa fuula dhugaa ardii kanaa beeksisuuf, ajandaa jijjiiramaa ijaaruuf bu’uura cimaa kaa’aa jira jedhan hirmaattonni yaa’ichaa. Fuula dhugaa Afrikaa addunyaatti beeksisuu fi ajandaa dijitaalaa irratti seeneffama dogongoraa hogganuuf kan kaayyeffate Yaa’iin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa (ASMIS 2026) inni jalqabaa magaalaa Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti har’aa fi boru ni gaggeeffama. Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru. Kana malees, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban walitti dhufanii wiirtuu dippilomaasii addunyaa Finfinnee seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa’aniiru. Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru. Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti. Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun ‘Pulse of Africa" fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha. Hirmaattota waltajjichaa keessaa dargaggeessi Keeniyaa Saamu’eel Maabootee Finfinneen “magaalaa guddoo Afrikaa dhugumatti bareedduu dha jechuun ibsuun, waltajjii guddaa kana irratti hirmaachuu isaatti akka boonu dubbateera. Qindeessitoota waltajjii kanaa, kan yeroo jalqabaaf guutuu Afrikaa irraa qabiyyee uumtota walitti fide kana kan galateeffate Saamu’eel, miidiyaan hawaasaa egeree keenya, bara ammayyaa kana keessas ce’uu qabna jedheera. Miidiyaa hawaasaa fayyadamuun Afrikaa ijaaruu fi jijjiiruuf murteessaa ta’uu ibsuun, qabiyyee uumtota addunyaa mara irraa dhufan waliin wal arguu fi muuxannoo wal jijjiiruuf qophii ta’uu eereera. Waltajjiiwwan akkanaa Afrikaa abdii haaraan ijaaruu fi jijjiiruu keessatti iddoo guddaa akka qabu himeera. Kaameeruun irraa kan dhufe Mostik Kaarismatik, konfiraansiin kuni waan guddaa ta’uu himeera. Obbolooleewwan Afrikaanota waliin walbaruuf carraa guddaa akka ta'us dubbateera. Yaada bilchaataa Afrikaa cimtuu ijaaruu fi dhiibbaa dargaggootaa cimaa uumuuf carraa guddaa ta’uu ibseera. Hirmaattota waltajjichaa keessaa Biraadilii Maaroongoon Finfinneetti argamuun gammachuu guddaan akka itti dhagahame eereera. Finfinneen magaalaa guddittii jechuun kan jaje dargaggeessi qabiyyee uumuu kun, waliin hojjechuu fi muuxannoo wal jijjiiruuf qophii ta'uu mirkaneesseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajilichi dhiheessii Anniisaa Amansiisaa babal’insa Sararawwan raabsaa Haarawaa gaggeesse
May 7, 2026 44
Ebila29/2018(ENA) - Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ji’ootan saglan darbanitti dhiyeessiin Annisaa Amansiisaa ta’e akka jiraatuuf hojii hojjateen, sararoota raabsaa haarawaa kiiloomeetira kuma 9 fi 588 raabsa sarara haaraa gaggeesseera. Haala Kanaan kiilomeetirri kuma 3 fi 518 sarara giddu-galeessaa yoo ta’u, kan hafe immoo diriirsa sarara gadi-aanaa irratti kan raawwatame ta’uu hojii raawwachiisaan Komunukeeshinii Tajaajila Elektiriikii Itiyoophiyaa Anuwaar Abraar dubbataniiru. Dabalataanis dhiheessii Anniisaa kana guddisuuf tiraansifoormaroota raabsaa haaraa dandeettii garaa garaa qaban kuma 3 fi 683 dhaabuun raawwatamuu akka danda’ame ENA’f mirkaneessaniiru. Bu’uuraalee misoomaa Elektiriikaa duraan ture fooyyessuu fi addaan ciccitinsa Anniisaa hir’isuurratti sarara giddu-galeessaa kiiloo meetira kuma 62 fi 274 kan uwwisu akkasumas tiraansifoormaroota kuma 67 fi 131 irratti qorannoon ittisa duraa gaggeeffameera jedhaniiru. Gama biraatiin, ji’oottan saglan darbanitti ijaarsi sarara giddu-galeessaa kiiloo meetirri kuma 3 fi 99 fi gadi-aanaa deebisanii ijaaruun kan raawwatame yoo ta’u; tiraansifoormaroota raabsaa duraan ture kuma1 fi 579 irratti hojiin dandeettii fooyyessuu hojjetamuu isaa beeksisaniiru. Sababoota addaan citinsa humna elektiriikiif ta’an qorannoon adda baasuu fi tarkaanfii fudhachuu dabalatee, sararoota dullooman deebisanii ijaaruu, dandeettii dabaluu fi fooyyessuu akkasumas giriidii guddaa fi filannoo annisaa aduutiin bu’uura-misooma elektiriikii haaraa baasii guddaadhaan ijaaraa akka jiru ibsaniiru.
Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa kan jalqabaa Finfinneetti
May 7, 2026 58
Ebla 29/2018 (ENA)- Afriikaa isheen dhugaan maal akka fakkaattu addunyaaf beeksisuu fi seenessa dijitaalaa abbummaan gaggeessuuf kan kaayyeffate yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026) har’aa fi boru Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Biyyoota Afriikaa 30 caalanirraa kan walitti dhufan dhiibbaa uumtonni 61 yaa’ii kanarratti kan argaman yoo ta’u namoonni kunneen walumaa gala hordoftoota miiliyoona 321 ta’an qabu. Dhiibbaa uumtonni kunneen Finfinnee galaniiru. Kanneen malees Itiyoophiyaanonni qabiyyee uuman 120 kan hordoftoota miiliyoona 150 qaban walitti dhufuun, wiirtuu dippilomaasii Afriikaa kan taate Finfinneetti seenaa dijitaalaa barreessuuf qophaa’aniiru. Yaa’ii kana miidiyaa palsi oof Afriikaa(POA) fi Intarpiraayizii ‘AGA -tech’ tu waliin ta’uun qopheesse. Yaa’iin wiirtuu dippilomaasii Afriikaa Finfinneetti gaggeeffamu kun carraa egeree dijitaala Afriikaa deebisuun bocuuf kan akeekamedha. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtonni Afriikaarraa kan itti wal gahan, waa’ee isaanii fi Afriikaa kan itti dubbatan, akkasumas waa’ee qabiyyee uumuu fi gufuuwwan isaan mudatu irratti ni mari’atu. Kun ammoodhiibbaa uumtota waltajjii tokkorratti walitti fiduuf carraa guddaa uumeera. Hubannoo nam-tolchee(AI)tti fayyadamuun haala qabiyyee uumuu egeree, maqaa gaarii Afriikaa guddisuu fi dhiibbaa dijitaalaa ajandaa gamtaa Afriikaa 2063 waliin wal simsiisuu kan jedhanirratti mariin paanaalii sadarkaa olaanaa sadii ni gaggeeffamu. Yaa’iin kun agabaasa “rakkoorratti bu’ureffate” seenaawwan guddina Afriikaa isa dhugaan bakka buusuuf kan akeekkame tarkaanfii tarsiimawaa ta’uun himameera. Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa tuurizimii Itiyoophiyaa haala olaanaan beeksisuuf carraa bal’aa qaba. Bu’aawwan qabiyyee kun maqaa gaarii Afriikaa Afriikaanotatti agarsiisuu ni danda’u. Yaa’iin kun yaadannoo injifannoo Adwaatti kan eegalu yoo ta’u, yeroo ammaa ijji hordoftoota dijitaalaa miiliyoona 470 caalu Finfinneerra jiru. Kunis Afriikaan seenaashee ofumasheetiin seenessuu kan itti eegalte agarsiiftuu jabana haaraa ta’eera.
Diinagdee
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa damee Aviyeeshiniitiin Afrikaa addunyaa waliin wal qunnamsiisuu keessatti gahee adda duree taphachaa jira
May 7, 2026 35
Ebla 29/2018 (ENA): Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa damee aviyeeshiniitiin Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiisuu keessatti gahee adda duree taphachaa akka jiru itti gaafatamaan Daandii Qilleensaa Eerbaasii Afrikaa himan. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaas oomishaalee fi tajaajiloota gabaa addunyaatti geessuun daldalaa fi invastimantii saffisiisaa jira jedhan Pireezidaantiin Waldaa foon alatti erganii Itiyoophiyaa obbo Kaliifaa Huseen. Daarektarri Gabaa Daandii Xiyyaaraa Eerbaasii Afrikaa Juup Ilaarsi ENAtti akka himanitti,Industiriin aviyeeshinii damee daldalaa fi invastimantii ardiilee gidduutti haala mijeessuuf gahee olaanaa qab jedhani. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila balalii waggoota 80 darbaniif Afriikaa addunyaa waliin walqunnamsiisuun adda duree ta’uu ibsaniiru. Oomishaalee fi tajaajiloota Afrikaa gabaa addunyaatti beeksisuun daldalaa fi invastimantii guddisaa jiraachuu ibsaniiru. Daangaa balalii isaa babal’isuun hariiroo hawaas-dinagdee, daldalaa fi invastimantii Afrikaa guddisuu keessatti gahee ijaarsaa taphachaa akka jirus hubachiisaniiru. Keessummeessitoonni Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa taasisan kan galateeffamu ta’uus mirkaneessaniiru. Tajaajila balalii bira darbee guddina damee aviyeeshinii Afrikaa suphaa xiyyaara, barnootaa fi leenjiitiin guddisuuf hojjechaa akka jirus eeraniiru. Itti dabaluunis Eerbaasiin tumsa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa waliin qabu daran cimsee leenjii aviyeeshinii irratti waliin hojjata jedhaniiru. Pireezdaantiin Waldaa foon qalanii alatti ergani gama isaaniitiin, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo idil-addunyaa Afrikaa ta’uu ibsaniiru. Babal’inni balalii daandiin xiyyaaraa kun oomishaalee fi tajaajiloota gabaa addunyaaf dhiyeessuun tumsa daldalaa fi invastimantii cimsuus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Abbootiin Amantaa fi Hoggantoonni hojii Ministeera Nageenyaa Eksipoon "Itiyoophiyaan Haa Omshistuu" Daawwatan
May 6, 2026 198
Ebila 28/2018 (ENA): Abbootiin Amantaafi hooggantoonni hojii Ministeera Nageenyaa Ekispoo mata-duree “Itiyoophiyaan Haa omshstu birmadummaa Maraaf” jedhuun gaggeeffamaa jiru daawwataniiru. Minstirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad sochiifi eksipoo "Itiyoophiyaan Haa omshistuu" 4ffaa Ebila 25 hanga 30 bara 2018tti turu eebbisuun banuun isaanii ni beekama. Ministeerri Industirii Malaakuu Allabaliifi hooggantoonni olaanoon dhaabbatichaa keessummoota daawwannaa dhufan simachuun, bu’aalee industirii omishtootaa eksipoon dhiyaataniifi milkaa’ina sochichaan galmeeffaman daawwachiisaniiru. Eksipoo kana irratti omishtoonni dameelee garaa garaa irratti bobba’an oomishaalee isaanii dhiyeessaniiru.
Misoomni qamadii Bonaa bu'aa dinqisiisaa galmeessisaa jira - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
May 6, 2026 120
Ebla 28/2018 (ENA): Misoomni qamadii Bonaa lafti lafa bahuu hin qabu amantaa jedhuun eegalame bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa jira jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa har'aa Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaatti ooyiruu qamadii lafa heektaara kuma 2 fi 150 irratti misoome daawwataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaamsa daawwannaa isaanii irratti dabarsaniin, tarkaanfiiwwan tarsiimoo mootummaan damee qonnaarratti fudhateen bu’aan argame dinqisiisaa waan ta’eef hojii gara fuula duraatiif galaa kan ta’u dha jedhaniiru. Itiyoophiyaatti qonni Bonaa fi misoomni qamadii Bonaa kanaan dura akka hin baratamnes hubachiisaniiru. Lafti lafa bahuu hin qabu; kadhannaa irraa bilisa of baasuu qabna; Misoomni qamadii Bonaa lafti qotamuu danda’uu fi misoomuu danda’u misoomuu qaba jedhamee amantaa cimaa qabaachuun kan eegale ta’uu ibsaniiru. Jalqabni misoomni qamadii Bonaa qormaata ta’us, amma hojiin kun bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan kanaan dura qamadii biyya alaatii galchuu qofa osoo hin taanee biyyoota oomisha qamadii gadi aanaa qaban keessaa tokko taatee ramadamti turte. Ganna darbe qamadii hektaara miiliyoona 4.4, Bona bara kana ammoo heektaara miiliyoona 3.8, walumaa galatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol ta’u qamadiin qotamuu ibsaniiru. Walumaagalatti qamadii kuntaala miiliyoona 330 ol akka oomishame kan agarsiisan yoo ta’u, kunis Itiyoophiyaan Afrikaa keessatti oomisha qamadii keessatti adda durummaan akka argamtu taasisa jedhani. Bara darbe midhaan Gannaa fi Bonaarraa qamadii kuntaala miiliyoona 280 oomishamuusaa yaadachiisuu; omishni bara kanaa kan bara darbee irraa kuntaala miiliyoona 50 akka caalu ibsaniiru. Bakkeewwan garaagarummaan omishaa olaanaan itti mul’ate keessaa tokko Godina Shawaa Kaabaa ta’uu eeruun, hojiiwwan lafa hin misoomne misoomsuun hojjetaman irraa kan ka’e oomishtummaan qamadii akka dabale hubachiisaniiru. Misoomni qamadii lageen hidhuun rooba Gannaa kuusuun akka raawwatamu kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, gara fuulduraatti oomishtummaa Godinicha keessatti dabaluuf xiyyeeffannaan addaa akka kennamu himaniiru. Akkasumas qonnaan bultoonni Godina Shawaa Kaabaa oomishtummaa dabaluutiin dandeettii galii isaanii guddisuu isaanii eeraniiru. Oomishtummaa fi dandeettiin galii maddisiisuu dabaluunis qonnaan bultoonni jireenya fooyya’aa akka jiraatan kan gargaare ta’uu himaniiru. Muuxannoon Godina Shawaa Kaabaa hojii cimaa fi qabeenya sirnaan itti fayyadamuudhaan bu’aa guddaa hangam akka argamuu danda’u fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti oomishaa fi teeknooloojii qamadii yoo itti fayyadamne oomishtummaan haalaan dabaluu akka danda’u hubachiisaniiru. Milkaa’ina kanaaf qonnaan bultoonni, ogeeyyiin ekisteenshinii qonnaa fi hoggantoonni ciminaan waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, tarkaanfiiwwan damee qonnaa keessatti fudhataman akkuma dameelee biroo bu’a qabeessaa fi hojiirra ooluu danda’u ta’uu ibsuun, carraan guddinaa olaanaan akka jiru. Itiyoophiyaan abdii guddaa akka qabduu fi bu’uurri akka gaariitti kaa’amee biyya guddachaa jirtu uumuuf hojiin waliigalaa hojjetame kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Guyyaa fi waqtii hunda fayyadamuu akka qabnus dhaamuun, oomishuuf, hojjechuuf fi guddachuuf; nyaachuu qofa osoo hin taane nyaachisuufi gargaaruufis ta’uu qaba jedhaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka jedhanitti, qorumsa adeemsa hojii fi misoomaa keessatti nu mudate ni injfanna; kanaafis lammiileen hundi ciminaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tattaaffiin birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf eegalle bu’aa guddaa agarsiisuun itti fufeera-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
May 6, 2026 119
Ebla 28/2018 (ENA)- Tattaaffiin birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf eegalle bu’aa guddaa galmeessisuun itti fufuusaa Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa har’aa naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaa aanaa Sulultaatti argamuun oyiruu Qamadii daawwataniiru. Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tattaaffiin eegalle bu’aa guddaa agarsiisaa itti fufeera jedhaniiru. Guyyaa har’aa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Sulultaatti Qamadii lafa hektaara 2,150 irratti misoome irra deemuun ilaaluusaanii ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Hirmaattonni Yaa’ii Dhiibbaa Uumtota Miidiyaa Hawaasaa Afriikaa jalqabaa Inistitiyuutii Hubannoo namtolechee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru
May 7, 2026 23
Ebila29/2018(ENA):Hirmaattonni Yaa’ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa jalqabaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru. Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026), dhugaa Afrikaa Addunyaatti beeksisuufi dhimma diijitaalaa abbummaan geggeessuuf kaayyeffate, Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti har'aafi boru ni geggeeffama. Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru. Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru. Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti. Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa) fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha. Yaa’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa itti gaafatamummaa qaban jajjabeessuuf, Dinagdee Dijitaalaa cimsuuf, walta'iinsa uumuufi Finfinnee wiirtuu aadaafi dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffatedha.
Tajaajilli dijitaalaa hoj maata ammayyummaa dhugoomsaa jira
May 7, 2026 39
Ebla 29/2018 (ENA): Biiroon Misooma Innooveeshinii fi Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee sirna tajaajila dijitaalaa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu beeksise. Itiyoophiyaan sagantaa haaromsa diinagdee biyya keessaatiin teeknooloojii akka madda ijoo misooma itti fufiinsa qabuutti fayyadamuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jirti. Kanarraa kan ka’e pirojektoonni damee dijitaalaa dinagdee sochoosan milkaa’inaan hojiirra oolaa jiru. Keessattuu waltajjiiwwan akka tajaajila wiirtuu tokkoo ( Masoob), waraqaa eenyummaa dijitaalaa (Faayidaa) fi Itiyoo koodarsii hundeessuun akkasumas fayyadamni interneetii dabaluun jijjiirama biyyaalessaaf bu’aa guddaa qaba. Bu’aawwan teeknooloojii kunneen sirna kaffaltii moobaayilaa fi daldala elektirooniksii sirreessuu keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun fayyadamtoonni yeroo fi maallaqa qusachaa akka jiran ibsameera. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Innooveeshinii fi Misooma Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee Dr. Tulluu Xilahuun akka jedhanitti; Teeknooloojiin adeemsa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Karoora tarsiimoo waggaa saddeet Finfinnee magaalaa ismaartii taasisuuf qophaa’een misooma koridaraa fi bashannana irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuus eeraniiru. Galmi guddaan ijaarsa magaalaa ismaartii magaalattii jiraattotaa fi daawwattootaaf mijataa fi hawwataa taasisuu ta’uu ibsuun, kunis kan mirkanaa’u yeroo tajaajilli fi bu’uuraaleen misoomaa teeknooloojiin deeggaraman ta’uu ibsaniiru. Hojiiwwan teeknooloojii milkaa’oo magaalattii keessatti hojjetaman kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dorgommii hoggansa magaalaa Ismaartii Addunyaa bara 2024 Kooriyaa Kibbaa Se’ul keessatti gaggeeffame irratti akka injifatan taasiseera jechuun ibsaniiru. Fooramii Magaalaa Ismaartii Afrikaa Keeniyaa Naayiroobii keessatti gaggeeffame irratti magaalattiin beekamtii malu akka argattutti hojiiwwan kunneen gahee olaanaa taphachuu isaanii ibsaniiru. Biiroon kun dhaabbilee federaalaa waliin ta’uun sirna teeknooloojii fooyyessuu, qindeessuu fi nageenyummaan isaa eegame taasisuudhaan dhaabbileen bulchiinsa magaalaa tajaajila isaanii dijiitaalaan akka kennan taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa ‘Waradaa Neet gara siitii Neetitti’ guddisuun aanaa fi magaalota xiqqaa magaalicha keessa jiran teeknooloojiin walqunnamsiisuun danda’ameera jedhan. Tajaajilli giddugala tokkoo lammiileen tajaajila mootummaa saffisaa, amanamaa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’ee fi teeknooloojiin deeggaramee akka argatan taasiseera jedhan. Tajaajilli kun ifaajii fayyadamtootaa hir’isuu fi iftoomina uumuu, akkasumas amala filannoo dijitaalaa fayyadamuu hawaasa keessatti horachuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Tajaajila sirna dijitaalaa keessatti hin hammatamne haaromsuu fi tajaajila giddugala tokkoo waliin wal simsiisuuf xiyyeeffannoon akka kennamus beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA See less
Magaalaa Hararitti Hojiin Dhaabbii buufata saatalaayitii odeeffannoo fudhatuu jalqabame
May 6, 2026 146
Ebla 28/2018(ENA)- Magaalaa Hararitti hojiin dhaabbii buufata Saatalaayitii odeeffannoo fudhatuu jalqabameera. Buufata Saatalaayitii odeeffannoo fudhatu kana Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii fi Ministirri Innoveshinii fi Teeknooloojii Doktar Balaxaa Mollaa eegalchiisaniiru. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii wayita sana akka jedhanitti, buufanni odeeffannoo Saatalaayitii kun hojiiwwan misoomaa naannicha keessatti raawwatamaniif deeggarsa guddaa kenna jedhaniiru. Keessattuu, galtee odeeffannoo sirrii ta’e kennuu irratti faayidaansaa olaanaa akka ta’e eeraniiru. Hojiin dhaabbii kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisu dubbataniiru. Itti-Aanaan Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii saayinsii hawaa fi Jii’oo-Ispaashiyaalii Balaachoo Tsahaay akka jedhanitti, teeknooloojiin kun odeeffannoo saffisa olaanaa fi qulqullina qabuun dhaqqabsiisuu irratti faayidaa guddaa qaba. Akkasumas, Raadiyaasii Kiiloomeetira 35 waliin gahuun lakkoofsa sirrii kan gabaasu fi sa’aatii 24 kan hojjetu ta’uu ibsaniiru. Odeeffannoon buufata Saatalaayitii Diizaayinii daandii irratti, Hojiiwwan konistrākshinii waliigalaaf, Itti fayyadama lafaa sirnaan to’achuuf, Mirkaneessa qabiyyee lafaa fi tajaajiloota biroof odeeffannoo kennuu dandeessisa jedhaniiru. Hojiin dhaabbii buufata odeeffannoo saatalaayitii kun ji’oota lama keessatti akka xumuramu beeksifameera.
Inistiitiyuutiin Qorannoo kun Qorannoo Medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesiseera
May 3, 2026 401
Ebla25/2018(ENA):-Kompileeksiin Laaboraatoorii Qorannoo Ammayyaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti ijaarame, qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesise giddugala madaallii olaanaa (excellence center) ta'uu isaa Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ibsaniiru. Minstirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad dhaabbaticha wayita eebbisan akka jedhanitti, dallaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti giddugalli ammayyaa ijaarame kun, ijaarsa bu'uraalee misoomaa irra darbee, Itiyoophiyaa of dandeesse fi fayyaalessa taate dhugoomsuuf kan hojjatu giddugala beekumsaa olaanaadha. Dhaabbatichi qorannoo gara imaammataatti, kalaqa immoo gara furmaata qabatamaatti jijjiiruun, oomisha qorichaan of danda'uuf, nageenya fayyaa fulla’aa mirkaneessuu fi hunda caalaa immoo milkaa'ina hanga ammatti galmeessisne caalaatti guddisuuf tarkaanfii guddaa gargaarudha jedhanii ibsuun isaanii ni yaadatama. Gidduugalli kun Ikkooloojii Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa kan banu dhaabbata qorannoo ammayyaa ta'uusaas mirkaneessaniiru. Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ENA’f akka ibsanitti, inistiitiyuutichi qorannoo dhukkubootaa, qorannoo laaboraatoorii fi sodaa fayyaa dhibeewwan weeraraa ka'an adda baasuuf dandeettii biyyaalessaa guddaa ijaareera. Dhaabbatichi teeknoolojii ammayyaa fi humna namaa leenji'een deeggaramee hojii qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu hojjachaa akka jiru eeraniiru. Kompilaaksiin qorannoo dhiheenya kana eebbifame bu'uraalee misoomaa Laaboraatoorii Ammayyaa fi humna namaa leenji'e kan hammate ta'uusaa ibsuun; sadarkaa qorannoo wal’aansa Itiyoophiyaa keessa jiru guddisee jira jedhaniiru. Dandeettiin dhukkuboota haaraa fi turan sirriitti adda baasuu isaa damee yaalaatiif deeggarsa guddaa gochaa jira jedhaniiru. Dhukkuboota akka weeraraatti ka'an qorannoon xiinxaluu fi adda baasuuf, akkasumas nageenya fayyaa uummataa eeguuf qophaa'ummaasaa cimsuu isaa daarektarri olaanaan kun eeraniiru. Toftaaleen qorannoo inistiitiyuutichi hordofu sadarkaa addunyaa kan eege ta'uun isaa Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane, Naannoo Gaanfa Afriikaatiifis faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Kompilaaksiin laaboraatoorii haaraa kun Laaboraatooriiwwan hedduu walitti kan qabate fi dandeettii biyyaalessaa guddaa kan uume ta'uu ibsuun; keessumaa dandeettiin xiinxala sanyii (Genetic analysis) gaggeessuu isaa qorannoowwan kanaan dura biyya alaatti ergamanii hojjetaman biyya keessatti akka hojjetaman kan taasisudha jedhaniiru. Giddugala kana keessatti hojiiwwan qorannoo fi xiinxala adda addaa dandeettii biyya keessaan hojjechuuf kan dandeessisan teeknoolojiiwwan ammayyaa adda addaa guutamuu isaanii ibsuun; amma sadarkaa Itiyoophiyaa irra darbee biyyoota Afriikaa tajaajiluu dandeessisuun hojiin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Dhaabbatichi jalqaba irratti dhukkuba lamxii /gogaa/ (leprosy) ittisuu fi to'achuuf kan hundeeffame ta'us, amma irratti dhukkuba Tiibii (TB) qoricha barate, busaa fi hojiiwwan qorannoo biroo hedduu gaggeessaa jira. Qorannoon alatti, qorichoonni biyya keessatti oomishaman qulqullina isaanii kan eeggatan akka ta'an gochuuf hojiin qorannoon adda baasuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Giddugalni qorannoo kun Laaboraatooriiwwan 40, kutaa jinoomiksii (genomics) fi baayio-infoormatiksii (bioinformatics) olaanoo, akkasumas giddugala baayio-Ikuuwiivaalensii (bioequivalence) qorichoota biyya keessatti oomishaman qulqullinaa fi dandeettii isaanii mirkaneessu kan hammateedha. Itiyoophiyaa fi guutuu Afriikaa keessatti babal'ina Ikkoosiistemii saayinsii fi ijaarsa dandeettiitiif madaallii haaraa kan kaa’e dhaabbatichi, iddoowwan leenjii fi qorannoof ramadaman qabachuu isaa ibsameera.
Ispoortii
‘PSG’n waggaa walitti aanuuf xumura Shaampiyonsi Liigii Awurooppaatti darbe
May 7, 2026 48
Ebila 29/2018(ENA) - Tapha deebii walakkaa xumuraa (Semi-final) Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti Baayer Muuniik fi PSG’n goolii tokkoo fi tokkoon qixaan addaan ba’aniiru. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti taphatameen, Usmaan Dembeeleen daqiiqaa 3ffaa irratti galchii lakkoofsiseen PSG dursaa taasiseera. Haarii Keen immoo daqiiqaa 94ffaa irratti Baayer Muuniikiif galchii lakkoofsisuun walqixxeesseera. Innis dorgommii kanaan goolii isaa 14ffaa galcheera. Shaampiyoonsi liigichatti Injifataan Baalaandoorii yeroo ammaa Dembeeleen, lakkoofsa gooliiwwan Shaampiyonsi Liigii keessatti galche gara torbaatti ol guddiseera. Taphichi bashannansiisaa fi goolii galchuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u hanga tokko wal-qocholloon keessatti mul’ateera. PSG’n kubbaa harkatti galfachuu fi carraawwan goolii uumuu irratti fooyya’aa ture. Bu’aa kanaan hordofee, PSG walitti qabaan 6 fi 5 injifachuun waggaa walitti aanuuf xumuraaf darbeera. Abbaan waancaa yeroo ammaa PSG, xumuraaf darbuunsaa kun yeroo sadaffaadhaafi. Kilabiin Paaris Kilabii Awurooppaa eegsisuuf Arsenaal waliin Hangaarii, Budaappestitti walmorkatu. Injifataan Shaampiyonsi Liigii yeroo 6ffaa Baayer Muuniiki, waggaa ja’a booda xumuraaf darbuuf abjuun qabu hin milkoofneef. Taphni xumuraa Arsenaal fi PSG gidduutti caamsaa 22 bara 2018 akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti ni taasifama.
Finfinneen dorgommii biskileetii idil addunyaa keessummeessuufi
Apr 28, 2026 1334
Ebla 20/2018 (ENA): Dorgommiin biskileetii idil-addunyaa siitii maawunteen baayik iliminaator UCI (City Mountain Bike Eliminator) jedhamu,kan biskileetii biyyoota addunyaa mara irraa dhufan hirmaachisu , Ebla 24 fi 25, 2018 Finfinneetti gaggeeffama. Gamtaa Biskileetii Idil Addunyaa (UCI)’n beekamtii kan argatee fi addunyaa irratti jaalala guddaa kan horate "City Mountain Bike Eliminator Pro League" seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf Afrikaa, Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffama. Dorgommiin kun naannoo Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgommii kana irratti namoonni biskileetii addunyaa mara irraa dhufan hedduun akka hirmaatan Waajjirri Kantiibaa beeksiseera. Dorgommiin kun kallattiin chaanaalii televijiinii adda addaa addunyaa irratti kan tamsa’u yoo ta'u, daawwattoonni miiliyoona 20 ol ni daawwatu jedhamee eegama. Finfinneetti bu’uuraaleen ispoortii babal’achuun magaalattiin dorgommii ispoortii idil-addunyaa keessummeessuuf magaalaa filatamaa akka taatu ishee taasiseera jedhe waajjirichi. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota darban keessa bu’uuraalee ispoortii hedduu ijaaruun dameen ispoortii dhalootaa fi dinagdee ijaaruu keessatti gahee isaa akka ba’u taasisuu isaa odeeffannoon waajjirichaa ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Maanchistar Yunaayitid Bireentifoordi waliin taphata
Apr 27, 2026 616
Ebla 19/2018 (ENA): Tapha xumuraa torbee 34ffaa Piriimiyerliigii Ingiliiz har'a Maanchistar Yunaayitid fi Bireentifoordi gidduutti taphatama. Taphi gareewwan lamaan gidduutti taasifamu har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Istaadiyeemii Ooldiraafoorditti taphatama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 58’n sadarkaa 3ffaa irra jira. Morkataan isaa Bireentifordi qabxii 48’n sadarkaa 9ffaa irratti argama. Gareen lamaan liigii kanaan yeroo 10ffaaf kan wal arganiidha. Taphoota sagal darbaniin Maanchistar Yunaayitid yeroo shan yoo injifatu, Bireentifoordi ammoo yeroo sadii injifateera. Tapha hafeen qixa bahaniiru. Liigii shanan darban waliin taphatan irratti, lamaan isaanii yeroo lama injifachuun al tokko qixa ba'aniiru. Bireentifordi taphoota liigii lamaan darban Yunaayitid waliin taphateen injifateera. Tapha 33ffaa irratti Cheelsii 1 fi 0’n injifate Maanchistar Yunaayitid taphoota liigii shanan darban yoo injifate carraa Chaampiyoonsi Liigii darbuu ni qabaata. Taphoota liigii shanan darban qixa bahee kan ture Bireentifoordi gara injifannootti deebi'ee Awurooppaa keessatti bakka isaa mirkaneessuuf kan taphatu ta'a. Abbaan murtii ganna 40 Kiriis Kaavaanaag tapha kana abbaa murtii onaanaa ta’uun ni gaggeessu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan irratti 2ffaa bahuun xumureera
Apr 26, 2026 1196
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan baay’ee eegamaa tureen sadarkaa lammaffaa ba’eera. Dorgommii Maaraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaate atileet Yoomiif Qajeelchaan sa’aatii 1:59.41’n sadarkaa lammaffaa ba’eera. Atileetiin lammii Keeniyaa Sabestiyaan Saw sadarkaa tokkoffaan yoo xumuru, lammiin Yugaandaa Jaaqoob Kiplimoo immoo 3ffaa bahuun xumureera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuufi damee meetirooloojii ammayyeessuuf hojiin hojjette fakkeenyummaa kan ta’anidha
May 6, 2026 144
Ebla 28/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuufi damee meetirooloojii ammayyeessuuf hojiin hojjette fakkeenyummaa kan ta’an, dandeettii Afrikaa guddisaa kan jiru dha jedhan ogeeyyiin damichaa biyyoota Afrikaa adda addaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa Waldaa (soosaayitii) Meetirooloojii Afrikaa waliin ta’uun konfiraansii saayinsii isaa jalqabaa Finfinneetti qopheessee jira. Ogeeyyiin konfiraansii kanarratti hirmaatan biyyoonni Afrikaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu ilaalcha meetirooloojii fi haayidirooloojii irratti waliin hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kunis sirna akeekkachiisa balaa uumamaa osoo hin uumamin dura dursanii akeekkachiisuuf kan dandeessisu qopheessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Invastimantii teeknooloojii fi bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaan damee kanarratti taasifte dinqisiifannaa qaban ibsuun, Invastimantiiwwan kunneen Itiyoophiyaan alatti walitti hidhamiinsa diinagdee fi dandamannaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabu jedhan. Keessattuu Itiyoophiyaan hojii ashaaraa magariisa hojjechuun, anniisaa haaromfamuu danda’u babal’isuu fi jalqabbii haala qilleensaa dandamachuu danda’u biroo irratti galmeessiste mootummaan tarkaanfii fudhachuuf kutannoo qabaachuu isaa kan agarsiisudha jedhani. Firiidoo Mukaangaa Zimbaabuwee irraa kan dhufan haasaa isaanii kanaan akka jedhanitti, Itiyoophiyaatti damee meetirooloojii ammayyeessuun jijjiirama qilleensaa furuuf hojiin hojjetamaa jiru dinqisiisaa fi biyyoota Afrikaa biroof kaka’umsa ta’uu ibsaniiru. Bakka bu’aan Taanzaaniyaa Doktar Fireediiberit Odungaa akka jedhanitti biyyoonni waliin hojjechuu, qabeenya waliif qooduu fi tarsiimoo qindoomina qabu qopheessuun Afrikaan jijjiirama qilleensaa dandamachuu ishee guddisuu akka qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaan bulchiinsa bishaanii fi ijaarsa hidhaalee elektirikaa bishaanii irratti tattaaffii taasifte jijjiirama qilleensaa ittisuuf Ardiin kun tattaaffii taasiftu keessatti gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan damee bu’uuraalee misoomaa irratti tattaaffiin bal’aan goote Ardii guutuun dandamachuu ijaaruuf carraa guddaa akka uumte eeraniiru. Biyyoonni Afrikaa rakkoolee roga hedduu jijjiirama qilleensaatiin uumaman saffisaa fi bu’a qabeessa ta’een furuuf waliin hojjechuu akka qaban lammii Keeniyaa Maariyaa Lookii Chaarem dubbataniiru. Muuxannoon Itiyoophiyaa biyyoota birootiif faayidaa guddaa akka qabu hubachiisuun, Muuxannoo Itiyoophiyaa irraa ka’uun biyyoonni Afrikaa milkaa’ina Ardii kanaaf hojjechuu akka qabanis ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Godina Jimmaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf biqiltoonni faayidaa hedduu qaban qophaa’aniiru
May 6, 2026 99
Ebla 28/2018(ENA): Godina Jimmaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltoonni tajaajila adda addaa kennan qophaa’uu isaanii Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa obbo Tijaanii Tamaam, biqiltoonni misooma bosonaa, muduraaleef, miidhaginaa fi nyaata beeyladootaa dabalatee kanneen biroo of keessatti qabatan qophaa'uu isaanii ibsaniiru. Kanas milkeessuuf lafti hektaara kuma 91 biqiltuu dhaabuuf qophaa’uu isaa fi hojiin kun akka milkaa’uuf ammaa eegalee carraaqqiin qindoominaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Misooma kanaaf biqiltuu qopheessuu cinatti, biqiltoota kanaan dura dhaabaman kunuunsuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuun, baranas hojiin kun caalaatti cimee akka itti fufu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni Aanaa Qarsaa obbo Mulaatuu Dabalee fi obbo Tijaanii Abbaagoojjam, biqiltoonni dhaabaman wabii nyaataa mirkaneessuuf bu’uura ta’uun isaanii hojiin mirkanaa’uu fi itti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru. Biqiltoonni dhaabaman eegumsa naannoo, soorata beeyladootaa fi naannoo jireenyaaf mijataa uumuu keessatti hiika guddaa akka qabanis kaasaniiru. Kanaafuu, biqiltoota dhaabaman kunuunsuu fi naannoo manca’an mukeeniin uffisuun gahee isaanii akka ba’an dubbataniiru. Qonnaan bultoonni kunneen sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii ta’uu isaaniis ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa eegumsa naannoo cinaatti, wabii nyaataa mirkaneessuu fi dandeettii diinagdee ijaaruu keessatti inisheetivii humna guddaa qa
Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa Fakkeenyummaan kan eeramudha
May 3, 2026 356
Ebla25/2018(ENA):- Raawwiin Misooma Dinagdee Magariisa Itiyoophiyaa fakkeenyummaan kan eeramuu fi qabatamaa akka ta'e, Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuutii Guddina Magariisa Addunyaa (GGGI) fi Itiyoophiyaatti Qindeessaan haala Qilleensaa Jijjiirama,Sirna Nyaataa fi Niiwutiriishinii ibsan. Itiyoophiyaatti Daayirektarri Inistiitiyuuticha Okeechukuu Dani’eel Ogibonayaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaan dhibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuun guddinni isheen galmeessisaa jirtu, Riijinicha misoomaan walitti hidhuuf humna dabalataa uumaa jira. Misoomni Dinagdee Magariisaa kun, gadi lakkifama kaarboonii hir'isuun, Carraa hojii babal'isuu fi Invastimantii hawwachuuf humna dabalataa uumuun isaa, muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu eeraniiru. Biyyattiin misooma anniisaa haaromfamuu kanneen akka Bishaanii, Bubbee fi aduun invastimantiiwwan gurguddoorratti gochaa jirtu, dinagdee jijjiirama qilleensaatiin hin sarbamne ijaaruuf akka ishee dandeessisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Qindeessaan Qilleensaa Jijjiirama, Sirna Nyaataa fi Niiwtirishinii Dooktor Kaffaalanyi Geetaahuun gama isaaniitiin, Misoomni Dinagdee Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, guddina jijjiirama qilleensaa giddugaleeffate ijaaruuf akka ishee dandeessisu eeraniiru. Kanaafis sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuu fi hojiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii oomishtummaan akka dabalu gargaaruu isaa kaasaniiru. Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti rakkoo sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufe dandamachuuf humna ishee ijaaraa akka jirtu qindeessaan kun ibsaniiru. Itiyoophiyaan naannichaa misooma waliiniitiin walitti hidhuuf hojii isheen eegaltee jirtus kan jajjabeeffamu ta'uu isaa dabalanii ibsaniiru.
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 765
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan. Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 135
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 3298
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.