Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan qabeenya bishaaniishee misooma inarjiif oolchuuf imala itti jirtu ciminaan itti fufti-Injiinar Ashabbir Baalchaa
Sep 4, 2026 95
Hagayya 29/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan qabeenya bishaaniishee misooma inarjiif oolchuuf imala itti jirtu cimsitee akka itti fuftu hojii raawwachiisaan humna elektiriikii Itiyoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisan. Gibxi qajeelfama tumsa qabeenya bishaanii daangaa cehuu fi itti fayyadama haqa qabeessaa fudhachuu diduun seenessa bara gita bittaa laga Abbayyaa qofaaa itti fayyadamaa turte sana deebisuuf addunyaa qofaashiirra jooraa akka jirtu kaasaniiru. Injiinar Ashabbir Baalchaa ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan qabeenya uumamni ishee badhaase misoomsuun guutummaatti fayyadamuuf mirga guutuu kan qabdu biyya birmaduu ta’uushee hidha haaromsaatiin mirkaneessiteetti. Itiyoophiyaanonni waggoottan kudha afran darban shiroota hidha haaromsaa gufachiisuuf xaxaman ciruudhaan dandeettii isaaniitiin ijaaranii carraa maaddii Abbayyaa itti qooddatan akka uuman ibsaniiru. “Saroonni ni wacu Gaalli garuu deemsashee itti fufti” akkuma jedhamu ; Itiyoophiyaan hidha haaromsaa akkuma milkeessite wacni kamiyyuu osoo ishee hin daangessiin akkuma hidha haaromsaa qabeenya bishaaniishee inarjiif oolchuuf kutattee ka’uushee mirkaneessaniiru. Hidhi haaromsaa ijaaramuunsaa biyyoota yaa’a gara gadiirratt dhiibbaa osoo hin geessisiinwaggaa guutuu bishaan akka argatan gochuusaa ibsaniiru. Wacni kamiyyuu Itiyoophiyaan qabeenyashee misoomsitee itti fayyadamuurraa kan ishee dhaabu hin jiru kan jedhan hojii raawwachiisaan olaanaa kun; odeeffannoon wal dhahaan Gibxi facaasaa jirtu qabeenya uumamaa qabnu misoomsinee guddinaa fi badhaadhina akka hin mirkaneessine gochuuf shira xaxamudha jedhaniiru. Har’as borus maddi anniisaa keenya inni ijoon laggeen keenya kan jedhan Injiinar Ashabbir; laggeen keenya gara misoomaatti jijjiiruuf qorannoorratti hundaa’uudhaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Naannoon Harariitti Duudhaa tajaajila Lammummaa Cimsuu dagaagsuun jireenya Lammiilee Sadarkaa guddaan jijiiraa jira - Obbo Geetuu Waayyeessaa
Sep 4, 2026 71
  Hagayya 29/2018 (ENA):Naannoo Harariitti tajaajilli Lammummaa gannaa duudhaa walgargaarsaa cimsuun jireenya hawaasaa sadarkaa olaanaan jijjiiraa jira jechuun Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Hararii Obbo Geetuu Waayyeessaa ibsan. Naannoo Harariitti hojiiwwan tajaajila lammummaa gannaatiin raawwatamaa jiran irratti mariin taasifameera. Marii kanarratti kan argaman Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii Obbo Geetuu Waayyeessaa akka ibsanitti, naannichatti tajaajila lammummaa gannaatiin waloomaa fi walgargaarsaa cimsachuun jireenya uummataa sadarkaa olaanaan fooyyessaa jira. Duudhaan Tajaajila lammummaa humna dabalataa deeggarsaa taasisuu fi qabeenya qindoominaan hoogganuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.   Keessattuu tajaajila lammummaa gannaatiin maanguddoota fi harka-qal’eeyyii hedduu fayyadamtoota kan taasisan hojiiwwan gaariin dhugoomuu danda'uu isaanii eeraniiru. Tajaajila lammummaa gannaa bara kanaatiinis fayyadamummaa uummataa kan cimsan hojiiwwan gurguddoon 14 haala cimaan raawwatamaa akka jiran dubbataniiru. Kanaanis,haaromsa fi ijaarsa Manneen maanguddootaa fi harka-qal’eeyyii, eegumsa qulqullina naannoo, dhaabbii biqiltuu, arjooma dhiigaa , barnoota deeggarsaa kennuu fi hojiiwwan biroos raawwatamaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees, maaddii qoodduu, ijaarsa fi haaromsa kutaa barnootaa haaraa fi ture, suphaa teessuma barattootaa, hojiiwwan qulqullinaa dabalatee kitaabota wabii walitti qabuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuusaa eeraniiru. Aadaa walgargaarsaa fi tokkummaan hiyyummaa mo'achuuf humna guddaa kan uumu waan ta'eef, hogganiinis galmoota qabaman gara hojii guutuutti jijjiiruuf hojiiwwan raawwatamaa jiran cimsuu akka qabu Obbo Geetuu dhaamaniiru. Akkasumas, naannichatti sagantaawwan guyyoota Qaammee shanan raawwataman akka milkaa'aniif dhaabbileen mootummaa hundumtuu, hoogganoonni sadarkaan jiran, hojjettoonni mootummaa fi uummatni shoora irraa eegamu akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.
Ogummaa konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa konkolaattotaa mirkaneessuuf dhaabbilee leenjii damichaa waliin tumsaan hojjetamaa jira
Sep 4, 2026 83
Hagayya 29/2018(ENA)...Ogummaa konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa konkolaattotaa mirkaneessuuf dhaabbilee leenjii damichaa waliin tumsaan hojjetamaa akka jiru ejensiin geejjiba Oromiyaa beeksise. Waltajjiin rakkoolee dhaabbata leenjii konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekiniikaa konkolaattotaa irratti mul’atan furuuf akeeke Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeeffameera. Hogganaan ejensii geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee akka ibsanitti, ga’umsi ogummaa fi tekinikaa konkolaachisaa fi konkolaataa mirkaneessuun nageenya daandiif murteessaa ta’uun ibsameera. Dhaabbileen leenjii konkolaataa tajaajila geejjibaaf murteessaa ta’uu kan ibsan hogganaan kun, ga’umsa ogummaa knkolaachisaa fi qulqullina tekinikaa konkolaataa mirkaneessuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Konkolaachiftoonni ga’umsa qaban horachuu yoohin dandeenye waa’ee nageenya tiraafikaa dubbachuun faayidaa hin qabu kan jedhan obbo Kamaal, ga’umsa ogummaa fi tekinikaa konkolaachisaa fi konkolaataa mirkaneessuun itti gaafatama waloo keenyaati jedhaniiru. Dhaabbilee leenjii keessatti leenjii kutaa keessaa fi qabatamaa sirnaan osoo hin leenjisiin hanqina hojmaataa fi naamusaa keessa galuun lammiilee balaa tiraafikaaf saaxilaa jira jedhaniiru. Wiirtuleen leenjii istaandardii leenjii guutanii leenjii konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa qulqulleessuu irratti hannarraa karaa hannarraa bilisa ta’een hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti gaafatamtoonnii fi ogeeyyonni sektara geejjibaa sadarkaan jiran itti gaafatama qaban sirnaan bahachuu akka qaban dubbataniiru. Itti gaafatamaan damee konkolaachisaa fi konkolaataa ga’umsa mirkaneessuu obbo Asmaraa ijaaraa gamasaaniin, ga’umsaogummaa fi teekniikaa konkolaachisaa mirkaneessuuf hojmaanni teeknooloojiin deeggaramu diriirfamuusaa dubbataniiru. Wiirtuleen leenjii fi dhaabbilee boolloo kennan qulqullinaa fi dandeettii teekinooloojii qaban gabbifachuu qabu kan jedhan obbo Asmaraan, qulqullinnii leenjii kennuu fi itti fayyadamni teeknooloojii dhaabbilee kunneenii naannichatti fooyya’aa dhufuu ibsaniiru. Leenjichi kaameeraa ‘CCTV’n kallattiin kan gaggeeffamuu fi ashaaraan guyya guyyaan leenjitoonni mallatteessan, hordoffiin sa’aatii guyya guyyaa irratti bu’aan jajjabeessaan argamuusaa ibsaniiru. Ejensichatti daarektarri mirkaneessa ga’umsa konkolaachisaa obbo Lammaa Dalaliisaa akka ibsanitti, woorkishooppota leenjicha deeggaran gurmeessuu, konkolaattota, Kompiitarootaa ga’umsa qabanii fi hojmaatasaanii gama fooyyessuutiin bu’aa gaariin argamaa jira jedhaniiru. Siimuleetaroota, ibsaa tiraafikaa dijitaalaa fi woorkishooppota fayyadamuun fooyyeen akka argamu gochuusaa dubbataniiru. Dhaabbilee leenjii konkolaachiftootaa naannichatti argaman 237 keessaa 190 kan ta’an kan ta’an sadarkaa fooyyeerratti akka argaman ibsaniiru. Dhaabbileen ga’umsa tekinikaa konkolaataa mirkaneessan dandeettii fayyadama teknooloojii gama guddisuutiin raawwiin fooyya’aan jiraachuu ejensichatti daarektarri mirkaneessa ga’umsa tekinikaa komkolaataa obbo Kabbadaa Zagayyee ibsaniiru See less
Appilikeeshinichi galmoota imala dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf gumaacha ni taasisa - Injiinar Taakkalaa Uumaa
Sep 4, 2026 92
Hagayya 29/2018(ENA): Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa appilikeeshinii Diijitaalaa tajaajila isaa caalmaatti si’oomsu ifoomseera. Appilikeeshinichi maamiltoonni bakka jiranii tajaajila dhaabbatichaa kamiiyyuu akka argatan kan dandeessisu Appilikeeshinii Diijitaalaa haaraa ta’uutu ibsame.   Eegaluun appilikeeshinii dijitaalaa kun galmoota imala dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf milkaa’ina guddaa akka ta’e miseensi Boordii Geejjibaa fi Loojistikii Galaanaa Itiyoophiyaa fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Aksiyoona Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaa himaniiru. Appilikeeshinichi guyyoota torbanii tajaajila sa’aatii 24 kennuuf dandeessisa jedhan. Teeknooloojiin misooma hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf wantoota barbaachisaan keessaa ijoo Injinar Taakkalaa Uuman himaniiru. Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf damee Loojistiksiif ulaa Galaanaa qabaachuun diqrama akka ta’e hubachiiniiru. Tajaajilli dijitaalaa ifoome kun, imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf tarkaanfii tokko ta’uu eeraniiru   Tajaajila si’ataa, ammayyaa fi uwwisa tajaajilaa bal’isuun hanqinaalee turan furuu keessatti appilikeeshinii gahee olaanaa akka qabu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injinar Abduulbar Shamsuun ibsaniiru. Hojiin teeknooloojii dijitaalaa cimsuu akka addunyaatti dorgomaa taasisuu fi tajaajila bu’a qabeessa ta’e akka kennu kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Gibxi mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheetiin misoomuuf qabdu kabajuu qabdi-Tiiboor Naaj
Sep 3, 2026 513
Hagayya 28/2018 (ENA) - Gibxi mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheetiin misoomuuf qabdu kabajuu akka qabdu Ameerikaatti gargaaraan ministira dhimma alaa dhimmoota Afriikaa duraanii Tiiboor Naaj ibsan. Galaana diimaan walitti hidhata seenaa kan qabdu Itiyoophiyaan gaaffiin ulaa galaanaa itti jirtu bu’ura seeraa akka qabus ta’uusaas dubbataniiru. Tiiboor Naaj turtii POA waliin turtii taasisaniin, yaa’a Abbayyaarratti qooda bishaanii osoo hin qabaatiin bara dheeraaf karaa haq-malee faddadamaa turuushee dubbataniiru. Gibxi adeemsi laga Abbayyaa guutummaan to’achuun qaba jettee hordofaa jirtu, dhugaa siyaasaa fi dinagdee qaxanichaa yeroo yeroon jijjiiramaa jiru waliin gonkumaa kan wal hin simne ua’uu ibsaniiru. Gibxi dhugaa haaraa kana fudhachuu qabdi kan jedhan dippilomaatiin duraanii kun, guddina Itiyoophiyaa si’ataa fi madaallii humnaa qaxanichatti jijjiiramaa jiru kaasaniiru. Siyaasaan qaxanichaa jijjiirama olaanaa taasisuusaa kan ibsan Tiiboor Naaj, yeroo ammaa madaalliin humnaa haaraan uumamuusaa fi Itiyoophiyaanis guddachuushee hubachuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru. Gibxi akkaataa marii irra deebitee ilaaluudhaan ilaalcha haaraa fi sirrii qabattee gara mariitti yoo deebite walii galtee fulla’aa fi haqa qabeessarra gahuun akka danda’amu kaasaniiru. Mariileen mirga itti fayyadama bishaanii biyyoota yaa’a Abbayyaa hundaa beekamtii kennuurratti hundaa’an walii galtee uumuu akka dandeessisan dubbataniiru. Gibxi ejjennoo waa’ee Abbayyaa kaaftu caalaa ejjennoon Itiyoophiyaan galaana diimaatti akka hin dhihaanne qabatte dhugaarraa kan fagaate ta’uu kaasaniiru. Gibxi biyyoonni qarqara ganaana diimaa jiran qofaan dhimmi bulchiinsa galaanaa isaan ilaallata kan jettu yoo ta’e, yaa’a Abbayyaatti fayyadamuu kan qaban biyyoota qooda bishaanii qaban qofadha jechuun dubbataniiru. Ejjennoo Gibxi dhugaadhaan wal hin simne kana gocha fakkeessaa jechuun qeeqaniiru. Ameerikaatti gargaaraan ministira dhimma alaa dhimmoota Afriikaa duraanii tattaaffii Itiyoophiyaa hula galaanaa argachuuf taasisaa jirtu ilaalchisees yaadasaanii kennaniiru. Seenaa galaanarraa Itiyoophiyaan Kanaan dura qabdu yaadachuudhaan, biyyattiin yerositti humna galaanaa mataashee (Neevii), wiirtuu humna galaanaa fi admiraalota Itiyoophiyaa humna galaanaa keessatti tajaajilaa turan akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan hula galaanaa dhabuunshee mudannoo guddaa gaddisiisaa ta’uusaa eeranii, tattaaffiin biyyattiin hula galaanaa argachuuf yeroo ammaa itti jirtu hariiroo seena qabeessa galaana diimaarraa qabdu waliin wal qabsiisaniiru. Fedhiin Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf qabdu haqa qabeessaa fi seera qabeessa ta’uu Tiiboor Naaj ibsanii, iyyoonni olla fedhii Itiyoophiyaa sirriitti hubachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Sep 2, 2026 411
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Hoogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsan. Naannoo Oromiyaatti gamaggama torbaniitiin Sadarkaa raawwiin hojii Kenna Tajaajila Lammummaa Gannaafi gargaaramtummaarraa gara Omishtummaatti taasifamaa jiru koree ol’aanaa Naannootiin qoratameera. Hojiiiwwan gama kanaan hojjetamaa jiran mirkaneessuuf akeekamee garee superviizhinii bobbaa'aniin argannoon superviizhinii dhiyaachuun irratti mari'atameera.   Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gamaggama kanarratti yaada kennaniin, Humna misoomuu keessoo qixaan fayyadamuun omishtumaa guddisuun dinadgee hirkatummaa irraa walaba ta’e ijaaruun murteesaadha jedhan. Kana dhugoomsuufis Naannoo Oromiyaattis, gargaaramtummaa guutummaatti hambisuun omishtummaan ofdanda’uuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun milkaa’inni yeroo yeroon galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Gama biraatiin kenna tajaajila lammummaa gannaatiin hojii hojjetamaa jiru itti fufsiisuun jijjiiramni hawaas-dinagdee fulla’insaan akka galmaa’u taasisuu irratti koree olaanoo kanaan xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu himaniiru.   Waliigalaan,Imala Ijaarsa biyyaa karaa milkeessuu danda'uun hojiin gama kenna tajaajila lammummaafi Omishtummaan of danda'uu irratti hojjetamaa jiru bu'aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu obbo Kaffaaloon ibsaniiru. Ta'us garuu,harcaatii hojii mul'atan guutuu taasisuun milkaa’ina argame sadarkaa barbaadameen gahuudhaaf,argannoo superviizhiniin adda bahaan galtee hojii yeroo itti aanuu godhachuun, qindoomina keenya daran cimsuufi hawaasni akka aadeffatu taasisuu akkasumas sirna deggarsaafi horfoffii bu'a qabeessa diriirsuun humna dandamannaafi dorgomtummaa egeree bu’uura amansiisaa irratti dhaabuun murteessaa ta'us kaasanii jiru. Gabaasa raawwii hojiifi argannoo superviizhinii dhiyaatee irratti bal'inaan erga mari'atamee booda kallattiin fuulduraa kennamuun goolabameera jechuun waajjjirri paartii Badhaadhinaa damee oromiyaa gabaaseera.    
Raawwii hojii Ijoo Ministira Mummee Baatii Adoolessaa fi Hagayyaa raawwatan
Sep 1, 2026 713
Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo: Sagantaan Ashaaraa Magariisaa yeroo waggaa 8ffaa isaa qabatee jirutti, walitti qabaa COP32 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ,Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo fi miseensota Koree Qindeessaa COP32 bakka argamanitti waliin ta'uun sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa biyyaalessaa guyyaa tokkoo bara kanaa gaggeessaniiru. Duulli kun guutuu biyyattii keessatti Itoophiyaanotaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma guddaa qabatee kan ka'e yoo ta'u, kaayyoo kaa'ame olitti milkeessuu danda'eera. Tattaaffiin kun Itoophiyaanota guutuu biyyattiin kan raawwataman yoo ta'u, Ministirri Mummee hirmaattonni injifannoo seenaa, tokkummaa fi obsaa galmeessuusaanii ibsuun galateeffataniiru. Daawwannaa fi Eebba Pirojektootaa: Ministirri Muummee taarmiinaala haaraa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Deejjaazmaach Balaay Zallaqaa Baahir Daaritti argamu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru. Pirojektiin kun Itoophiyaaf karra seensaa ijoo keessaa tokko ta'uu kan ibsan Ministirri Muummee, magaalaan kun qormaatilee dhiyoo kana ishee mudataniin osoo hin jilbeeffatiin obsa, dandamachuu fi wiirtuu investimantii fuulduraa ta'uushee mirkaneessuu danda'uushee hubachiisaniiru. Taarmiinaalli haaraan kun bu'uuraalee misoomaa buufata xiyyaaraa ammayyaa, daandiiwwan ga’umsaa fooyya'an fi tajaajiloota bal'aa qabachuun dandeettii buufata xiyyaaraa kan babal'isu fi mijaa'ina imaltootaa kan fooyyessu dha. Kunis jijjiirama magaalattii bal'aa waliin wal-qabatee Baahir Daarin wiirtuu balallii Idil-Addunyaa fi biyya keessaa taasisa.   Dhimma Hawaasummaa: Gama biraatiin, Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad (OBN) waliin gaaffii fi deebii kan taasisan yoo ta'u, turtii isaaniitiin gareewwan hidhatanii Oromiyaa, Amaara fi Tigiraay keessa socho'an kanneen faayidaa biyyaa caalaa faayidaa dhuunfaa isaanii dursan moo'achuu akka hin dandeenye erga hubatanii booda tumsa uumuusaanii ibsaniiru. Dabalataanis, ilaalchaa fi mala gaggeessummaa yeroon irra darbeen gareewwan kun Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguu kanneen barbaadan diina seenaa alagaatiif akka meeshaa tajaajilaa jiraachuu isaanii dogoggora seenaa kana ibsaniiru. Dabalataanis, dimokiraasiin dhugaan siyaasaa qofa osoo hin taane, gara marii biyyaaleessaa dhugaa kana ol'aantummaa seeraa mirkaneessutti ce’uu akka qabu cimsuun dubbataniiru.  
Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsiseera
Sep 1, 2026 490
Hagayya 25/2018 (ENA)- Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsisuusaa mana maree bakka bu’oota ummataatti itti aanaa dura taa’aan koree hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fatiih Mahidii ibsan. Doktar Fatiih Mahidii ENA waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii waggoottan darban hojiilee riifoormii bu’a qabeessa raawwachuusaanii kaasaniiru. Haala Kanaan raayyaa ittisaa, tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, akkasumas poolisii federaalaa dabalatee dhaabbileen biroon hojmaatasaanii ifaa fi hirmaachisaa gochuusaanii wabeeffataniiru. Lammiileen naannolee hundaa fi sabaa fi sab-lammoota irraa walitti dhufan kan irratti hirmaatan caaseffama Kan Itiyoophiyaanota hundaa ta’e ijaaruun akka danda’ame dubbataniiru. Dhaabbileen kunneen birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee karaa amansiisaa ta’een kabachiisuuf hubannoo nam-tolchee fi teeknooloojiiwwan haaraan akka gurmaa’an taasifamuusaas beeksisaniiru. Dhaabbileen kunneen ogeeyyota hidhannoo teeknooloojii karaa bu’a qabeessa ta’een gaggeessan horachuuf miseensotasaanii biyya alaatti erguun barnoota sadarkaa olaanaa fi leenjii addaa akka argatan gochuun hojii bu’a qabeessa raawwachuusaanii beeksisaniiru. Humni teeknoloojii fi namaa gabbate yaaddoo nageenyaa Itiyoophiyaarratti aggaamamu kamiyyuu ittisuu fi mo’achuudhaan furmaata egeree fiduusaa dubbataniiru. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii balaa diigumsaa Itiyoophiyaarratti aggaamame qolachuun biyya baraaruu akka danda’an ibsaniiru. Hojiileen hojjetaman nageenya cimsuudhaan, tokkummaa, birmadummaa fi daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuu akkasumas nageenya lammiilee eegsisuu akka dandeessise dabalanii beeksisaniiru. Akka Kanaan Itiyoophiyaa akka biyyaatti akkajiraattu, birmadummaa fi sirna demokiraasii itti fufsiisuuf aarsaan lubbuu raayyaan kanfalaa jiru homaanuu akka bakka hin bu’amne beeksisaniiru. Aarsaan jaalala biyyaa dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaan cichitee akka itti fuftu taasifamu fakkaataa kan hin qabnee ta’uusaa fi galmasaa kan qaqqabee fi milkaa’aa ta’uusaa ibsaniiru.
Hojiin Ummanni Naannoo Amaaraa finxaalessummaa mormuudhaan damee hundaan bu'aan akka galmaa’u taasisaa jiru kan jajjabeeffamudha
Sep 1, 2026 481
Hagayya 25/2018 (ENA): Ummanni naannoo Amaaraa finxaalessummaa fashaleessuudhaan naannichatti damee misoomaa hundaan bu'aan akka galmeeffamu hojiin inni hojjechaa jiru kan galateeffamuuqabudha jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan Qindeessaa Wiirtuu Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan. Waltajjiin gamaggama raawwii hojiiwwan paartii fi mootummaa bara baajata 2018 fi karoora bara baajata 2019 hogganoota olaanoo fi giddu galeessaa naannoo Amaaraa gaggeeffamaa jira. Waltajjii kanarratti argamuun ergaa kan dabarsan Obbo Adam Faaraah, ummanni Naannoo Amaaraa tokkummaa biyyaatiif, kabaja sirna mootummaatiif fi ijaarsa biyyaatiif aarsaa kaffalaa kan turee fi ammas kaffalaa kan jiru ta'u ibsaniiru. Rakkoon yoo jiraatellee akkaataa seeraatiin akka hiikamu kan gaafatu, kabaja seeraatiif dursa kan kennuu fi birmadummaa biyyaaf uummata dhimmu ta'uu isaa ibsaniiru. Ummanni bara baajata 2018 keessatti finxaaleessummaa mormuusaa ibsuun, humni waraanaa akka akka cimuufi olaantummaan seeraa akka kabajamu gumaacha mataa isaa gumaachaa jiraachuus eeraniiru. Ummanni ijaarsa biyyaatiif ilaalcha gaarii qabuun filannoo haala gaariin geggeessuun bakka bu'aa isaa filachuu isaa kaasaniiru. Naannichi qormaata keessa ta'us misoomni olaanaan jiraachuu ibsuun, naannichi yaada badhaadhinaa haala gaariin hojiirra oolchaa jiraachuus kaasaniiru. Paartiin Badhaadhinaa akka biyyaatti ashaaraa fi seenaan waliinii akka jiraatu hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Seenaa fi ashaaraa waliinii yaaduun hojjechuun yoo danda'ame paartii cimaa, mootummaa cimaa fi biyya cimaa uumuun ni danda'ama jedhaniiru. Hojii seera kabachiisuu naannoo cimaa hojjechuun kan eegamu ta'uu kan dubbatan Obbo Adam, nagaa waaraa naannichaa mirkaneessuuf haala jiru gamaggamuu fi odeeffannoo irratti hundaa'uun hojii seera kabachiisuu hojjechuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Federaalaa fi Paartiin Badhaadhinaa dhimma naannichi barbaadu hunda irratti cinaa isaa kan dhaabbatan ta'uus mirkaneessaniiru.
Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaadha- Obbo Tijjaanii Naasir.
Aug 31, 2026 628
Hagayya 25/2018(ENA): Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaa ta’uusaa bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir ibsan. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, baatiiwwan lamaan darban keessatti hojiiwwan gama nageenyaan hojjetaman gaarii ta'uu, qindoominni hoggansa sadarkaan jiruu fooyyee ta'uu, hojii tajaajila lammummaa dabalatee hojiiwwan jajjabeeffamu hojjetamuusaa dubbataniiru.   Gama biraatiinis, dandeettiin raawwachiisummaa hoggansaa hoggansatti garaa garummaa qabaachuu, raawwiin seektaroota, aanaaleefi gandoota gidduutti mul’achuu, hojiiwwan hunda walfaana raawwachuu irratti hanqinaaleen kan turan ta'uus himaniiru. Hojii ijaarsaafi siyaasaa cimaadhaan hojiiwwan misoomaaf nageenyaa hogganuu, hojii hunda keessatti qindoomina cimaadhaan raawwachuu, rakkoolee bulchiinsa gaarii addaan baasuun hawaasa mariisisuudhaan hiikaa adeemuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Nageenyaaf dursa kennuun xinxala gaggeessaa qixaan hogganuu, hojiiwwan misoomaa keessatti galiiwwan mootummaa, carraa hojii uumuu, qusannaa hawaasaa, humnoota waloo afran jabeessuu, haaromee aanaalee hunda keessatti xumursiisuu, kabaja ayyaana sabaaf sablammootaa 21ffaa Jimmatti kabajamu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu ibsaniiru. Waltajjii kanaan manneen hojii gabaasa isaanii kan dhiyeessan yemmuu ta'u, mariin erga taasifameen nooda kallattiin hojii fuula duraa kaa'amee jira.   Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa, hojii kamiyyuu milkeessuuf hojmaataan hogganamuun baayyee murteessaa ta'uu himanii, hojmaataafi qajeelfamoota bahan hunda harcaatii tokkoon malee hojiirra oolchuudhaan hojmaataan hogganuun barbaachisaadha jedhaniiru. Manni Maree Bulchiinsa Godina Jimmaa gaggeeffamaa ture kallattii hojii itti aanu kaa'uufi murtoowwan gara garaa dabarsuun xumurameera.  
Kabineen Naannoo Hararii dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira
Aug 31, 2026 570
Hagayya 25/2018 (ENA): Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Hararii (Kabiineen) dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira. Manni Marii Bulchiinsichaa jalqaba irratti kan mari’ate wixinee caasaa gurmaa’insaa fi fedhii humna namaa Dhaabbata Tajaajila Mootummaa Diijiitaalaa giddugala tokkoo " Masoob’Hararii ‘ ilaalchisee dhiyaate irratti. Wixineen kun tajaajiloota qaamolee mootummaa adda addaan kennaman bakka tokkotti walitti qabuu, gurmeessuu fi dijiitaaleessuudhaan;tajaajilamtoonni deddeebii malee fi baasii hin malleef osoo hin saaxilamin tajaajila dhaqqabamaa, saffisaa, baasii qusatuu fi bu’a qabeessa ta’e kennuun itti quufinsa isaanii dabaluuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Manni Marii Bulchiinsichaas caasaa gurmaa’insaa kana irratti bal’inaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera. Itti fufuunis, Kabiineen wixinee fooyya’insa gurmaa’insa Bulchiinsa Magaalaa Harar Koree Kantiibaaf murtoof dhiyaate irratti mari’ateera. Fooyya’insi gurmaa’insaa kunis magaalichi itti gaafatamummaa seeraan kennameef haala gaariin raawwachuu kan dandeessisu gurmaa’insa uumuudhaan, rakkoolee mul’atan furee hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an akka hojjetu raawwachuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera. Kabineen fooyya’insa kana irratti gad-fageenyaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera. Manni Marii Bulchiinsichaa kana malees ajandaawwan biroo irratti marii taasiisuun murtoo dabarsuun isaas ibsameera.

Hawaasummaa
Naannoon Harariitti Duudhaa tajaajila Lammummaa Cimsuu dagaagsuun jireenya Lammiilee Sadarkaa guddaan jijiiraa jira - Obbo Geetuu Waayyeessaa
Sep 4, 2026 71
  Hagayya 29/2018 (ENA):Naannoo Harariitti tajaajilli Lammummaa gannaa duudhaa walgargaarsaa cimsuun jireenya hawaasaa sadarkaa olaanaan jijjiiraa jira jechuun Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Hararii Obbo Geetuu Waayyeessaa ibsan. Naannoo Harariitti hojiiwwan tajaajila lammummaa gannaatiin raawwatamaa jiran irratti mariin taasifameera. Marii kanarratti kan argaman Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii Obbo Geetuu Waayyeessaa akka ibsanitti, naannichatti tajaajila lammummaa gannaatiin waloomaa fi walgargaarsaa cimsachuun jireenya uummataa sadarkaa olaanaan fooyyessaa jira. Duudhaan Tajaajila lammummaa humna dabalataa deeggarsaa taasisuu fi qabeenya qindoominaan hoogganuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.   Keessattuu tajaajila lammummaa gannaatiin maanguddoota fi harka-qal’eeyyii hedduu fayyadamtoota kan taasisan hojiiwwan gaariin dhugoomuu danda'uu isaanii eeraniiru. Tajaajila lammummaa gannaa bara kanaatiinis fayyadamummaa uummataa kan cimsan hojiiwwan gurguddoon 14 haala cimaan raawwatamaa akka jiran dubbataniiru. Kanaanis,haaromsa fi ijaarsa Manneen maanguddootaa fi harka-qal’eeyyii, eegumsa qulqullina naannoo, dhaabbii biqiltuu, arjooma dhiigaa , barnoota deeggarsaa kennuu fi hojiiwwan biroos raawwatamaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees, maaddii qoodduu, ijaarsa fi haaromsa kutaa barnootaa haaraa fi ture, suphaa teessuma barattootaa, hojiiwwan qulqullinaa dabalatee kitaabota wabii walitti qabuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuusaa eeraniiru. Aadaa walgargaarsaa fi tokkummaan hiyyummaa mo'achuuf humna guddaa kan uumu waan ta'eef, hogganiinis galmoota qabaman gara hojii guutuutti jijjiiruuf hojiiwwan raawwatamaa jiran cimsuu akka qabu Obbo Geetuu dhaamaniiru. Akkasumas, naannichatti sagantaawwan guyyoota Qaammee shanan raawwataman akka milkaa'aniif dhaabbileen mootummaa hundumtuu, hoogganoonni sadarkaan jiran, hojjettoonni mootummaa fi uummatni shoora irraa eegamu akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.
Ogummaa konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa konkolaattotaa mirkaneessuuf dhaabbilee leenjii damichaa waliin tumsaan hojjetamaa jira
Sep 4, 2026 83
Hagayya 29/2018(ENA)...Ogummaa konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa konkolaattotaa mirkaneessuuf dhaabbilee leenjii damichaa waliin tumsaan hojjetamaa akka jiru ejensiin geejjiba Oromiyaa beeksise. Waltajjiin rakkoolee dhaabbata leenjii konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekiniikaa konkolaattotaa irratti mul’atan furuuf akeeke Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeeffameera. Hogganaan ejensii geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee akka ibsanitti, ga’umsi ogummaa fi tekinikaa konkolaachisaa fi konkolaataa mirkaneessuun nageenya daandiif murteessaa ta’uun ibsameera. Dhaabbileen leenjii konkolaataa tajaajila geejjibaaf murteessaa ta’uu kan ibsan hogganaan kun, ga’umsa ogummaa knkolaachisaa fi qulqullina tekinikaa konkolaataa mirkaneessuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Konkolaachiftoonni ga’umsa qaban horachuu yoohin dandeenye waa’ee nageenya tiraafikaa dubbachuun faayidaa hin qabu kan jedhan obbo Kamaal, ga’umsa ogummaa fi tekinikaa konkolaachisaa fi konkolaataa mirkaneessuun itti gaafatama waloo keenyaati jedhaniiru. Dhaabbilee leenjii keessatti leenjii kutaa keessaa fi qabatamaa sirnaan osoo hin leenjisiin hanqina hojmaataa fi naamusaa keessa galuun lammiilee balaa tiraafikaaf saaxilaa jira jedhaniiru. Wiirtuleen leenjii istaandardii leenjii guutanii leenjii konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa qulqulleessuu irratti hannarraa karaa hannarraa bilisa ta’een hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti gaafatamtoonnii fi ogeeyyonni sektara geejjibaa sadarkaan jiran itti gaafatama qaban sirnaan bahachuu akka qaban dubbataniiru. Itti gaafatamaan damee konkolaachisaa fi konkolaataa ga’umsa mirkaneessuu obbo Asmaraa ijaaraa gamasaaniin, ga’umsaogummaa fi teekniikaa konkolaachisaa mirkaneessuuf hojmaanni teeknooloojiin deeggaramu diriirfamuusaa dubbataniiru. Wiirtuleen leenjii fi dhaabbilee boolloo kennan qulqullinaa fi dandeettii teekinooloojii qaban gabbifachuu qabu kan jedhan obbo Asmaraan, qulqullinnii leenjii kennuu fi itti fayyadamni teeknooloojii dhaabbilee kunneenii naannichatti fooyya’aa dhufuu ibsaniiru. Leenjichi kaameeraa ‘CCTV’n kallattiin kan gaggeeffamuu fi ashaaraan guyya guyyaan leenjitoonni mallatteessan, hordoffiin sa’aatii guyya guyyaa irratti bu’aan jajjabeessaan argamuusaa ibsaniiru. Ejensichatti daarektarri mirkaneessa ga’umsa konkolaachisaa obbo Lammaa Dalaliisaa akka ibsanitti, woorkishooppota leenjicha deeggaran gurmeessuu, konkolaattota, Kompiitarootaa ga’umsa qabanii fi hojmaatasaanii gama fooyyessuutiin bu’aa gaariin argamaa jira jedhaniiru. Siimuleetaroota, ibsaa tiraafikaa dijitaalaa fi woorkishooppota fayyadamuun fooyyeen akka argamu gochuusaa dubbataniiru. Dhaabbilee leenjii konkolaachiftootaa naannichatti argaman 237 keessaa 190 kan ta’an kan ta’an sadarkaa fooyyeerratti akka argaman ibsaniiru. Dhaabbileen ga’umsa tekinikaa konkolaataa mirkaneessan dandeettii fayyadama teknooloojii gama guddisuutiin raawwiin fooyya’aan jiraachuu ejensichatti daarektarri mirkaneessa ga’umsa tekinikaa komkolaataa obbo Kabbadaa Zagayyee ibsaniiru See less
Magaalaa Shaggar keessatti tajaajilli tola ooltummaa baasii mootummaa hir’isuun hojii misoomaa saffisiisaa jira
Sep 4, 2026 122
Hagayya 29/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa magaalaa Shaggar keessatti gaggeeffamaa jiruun bulchiinsa magaalichaa baasii faayinaansii ol’aanaa qusachuu fi hojiiwwan misoomaa adda addaa akka saffisiisu kan dandeessise ta’uu waajjirri faayinaansii magaalichaa beeksise. Fedhiin misooma hawaasummaa fi dinagdee bal’aa bulchiinsa magaalaa Shaggar baajata idilee mootummaa qofaan guutamuu waan hin dandeenyeef, tattaaffii, beekumsaa fi qabeenya hawaasaa fi qaamota adda addaa haala qindoomina qabuun qindeessuun barbaachisaa ta’eera.   Haaluma kanaan tajaajilli tola ooltummaa sadarkaa magaalaatti raawwatamaa ture irra caalaa mana jireenyaa namoota harka qalleeyyii haaromsuu, biqiltuu dhaabuu fi kunuunsa naannoo, fayyaa fi barnoota hawaasaa deeggaruun, akkasumas pirojektoota bu’uuraalee misoomaa adda addaa irratti xiyyeeffatee hojjetamaa tureera. Hojiileen kunneen osoo adeemsa caalbaasii fi waliigaltee idileetiin raawwataman ta’ee, baasii guddaa magaalattii fi baajata idilee irraa barbaadu ture.   Hojiileen hirmaannaa tola ooltotaa, dargaggootaa fi abbootii qabeenyaa guddisuun hojjetamaa turan baajata magaalattii qusachuu qofa osoo hin taane, qabeenya mootummaa daangeffameef pirojektoota misoomaa dursa kennaniif biroof ramadamuu fi kenniinsa tajaajilaa saffisiisuun akka danda’amu taasiseera.   Itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalattii obbo Warqinaa Disaasaa ENAtti akka himanitti, hojiin tola ooltummaa Ganna qindoominaan hojjetame bu’aa jajjabeessaa kan argamsiise ta’uu eeruun, sagantichi milkaa'inaan hojiirra oolaa jira jedhani. Hojiin tola ooltummaa kun bara baajataa darbee kan karoorfame caalaa raawwii olaanaa galmeessisuu kan ibsan obboWarqinaan, hojii misoomaa fi deeggarsa birrii biiliyoona 25.5 karoorfame keessaa birrii biiliyoona 28.4tti tilmaamamu raawwachuu akka danda’ame ibsaniiru.   Bara bajataa qabame kana keessatti hojiin tola ooltummaa walumaa galatti tilmaama birrii biiliyoona 29.6 dameewwan 105 irratti karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.   #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Diinagdee
Itiyoophiyaan qabeenya bishaaniishee misooma inarjiif oolchuuf imala itti jirtu ciminaan itti fufti-Injiinar Ashabbir Baalchaa
Sep 4, 2026 95
Hagayya 29/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan qabeenya bishaaniishee misooma inarjiif oolchuuf imala itti jirtu cimsitee akka itti fuftu hojii raawwachiisaan humna elektiriikii Itiyoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisan. Gibxi qajeelfama tumsa qabeenya bishaanii daangaa cehuu fi itti fayyadama haqa qabeessaa fudhachuu diduun seenessa bara gita bittaa laga Abbayyaa qofaaa itti fayyadamaa turte sana deebisuuf addunyaa qofaashiirra jooraa akka jirtu kaasaniiru. Injiinar Ashabbir Baalchaa ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan qabeenya uumamni ishee badhaase misoomsuun guutummaatti fayyadamuuf mirga guutuu kan qabdu biyya birmaduu ta’uushee hidha haaromsaatiin mirkaneessiteetti. Itiyoophiyaanonni waggoottan kudha afran darban shiroota hidha haaromsaa gufachiisuuf xaxaman ciruudhaan dandeettii isaaniitiin ijaaranii carraa maaddii Abbayyaa itti qooddatan akka uuman ibsaniiru. “Saroonni ni wacu Gaalli garuu deemsashee itti fufti” akkuma jedhamu ; Itiyoophiyaan hidha haaromsaa akkuma milkeessite wacni kamiyyuu osoo ishee hin daangessiin akkuma hidha haaromsaa qabeenya bishaaniishee inarjiif oolchuuf kutattee ka’uushee mirkaneessaniiru. Hidhi haaromsaa ijaaramuunsaa biyyoota yaa’a gara gadiirratt dhiibbaa osoo hin geessisiinwaggaa guutuu bishaan akka argatan gochuusaa ibsaniiru. Wacni kamiyyuu Itiyoophiyaan qabeenyashee misoomsitee itti fayyadamuurraa kan ishee dhaabu hin jiru kan jedhan hojii raawwachiisaan olaanaa kun; odeeffannoon wal dhahaan Gibxi facaasaa jirtu qabeenya uumamaa qabnu misoomsinee guddinaa fi badhaadhina akka hin mirkaneessine gochuuf shira xaxamudha jedhaniiru. Har’as borus maddi anniisaa keenya inni ijoon laggeen keenya kan jedhan Injiinar Ashabbir; laggeen keenya gara misoomaatti jijjiiruuf qorannoorratti hundaa’uudhaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Nageenyi  Godina Wallagga Lixaa keessatti mirkanaa’een  hojiiwwan misoomaa yeroo qabameef keessatti xumuramaa jira
Sep 4, 2026 145
  Hagayya 29/2018 (ENA): Nageenyi godina wallagga Lixaa keessatti mirkanaa’uusaan hojiiwwan misoomaa qindoominaan hojechuufi yeroo qabameef keessatti xumuruun tajaajilaaf akka oolan taasisuu dandeessisuu isaa Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa ibsaniiru. Godinichatti Aanaa Yuubdootti hojiiwwan misoomaa adda addaa qarshii miiliyoona 148n ijaaraman eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru. Pirojektoota ijaarsi isaanii xumuramee tajaajilaaf oolan keessaa Keellaa Fayyaa,wiirtuu baay’isa Raammoo harii,galma walga’ii Aanichaa, Daandii fi hojiiwwan misoomaa biroo ni argamu. Eebba pirojektoota kana irratti Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, godinichatti hirmaannaa uummataafi qindoomina qaamolee nageenyaan nageenyi mirkanaa’uu isaatiin hojiiwwan misoomaa yeroo qabameef keessatti ijaaramaanii tajaajilaaf akka oolan taasifamaa jira.   Kaniinis bara baajataa 2018 keessatti pirojektoota adda addaa 470 ol ijaaruun tajaajilaaf oolchuun danda’amuu isaa ibsaniiru. Gara fuulduraattis uummanni hojii ijaarsa nageenyaafi misoomaa irratti hirmaannaa isaa caalaatti akka cimsu gaafataniiru. Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojiiwwan misoomaa raawwataman imala badhaadhinaa milkeessuuf kan gargaaran ta’uu Bulchaa Aanaa Yuubdoo Obbo Dagaagaa Mohaammedi dubbataniiru. Nagaan naannichatti mirkanaa’uu isaa pirojektoonni misoomaa xumuramuun tajaajilaaf akka oolan haala mijataa uumuu isaa jiraataa Aanaa Yuubdoo Barsiisaa Takiluu Tashoomaa dubbataniiru. Ijaarsi isaanii xumuramee tajaajilaaf kan oolan bu’uuraaleen misoomaa kunis umurii dheeraa akka tajaajilaniif gahee isaanii akka ba’an ibsaniiru. Aanichatti gaaffiin misoomaa yeroo dheeraa deebii argachuun isaa kan jajjabeessuufi caalaatti itti fufuu kan qabu ta’uu jiraattuu Aanaa Yuubdoo Aadde Kibbituu Gaaddisaa ibsaniiru. Rakkoon nageenyaa naannichaa furamuun hojiiwwan misoomaa adda addaa irratti dammaqinaan hirmaachuun fayyadamaa akka isaan taasise ibsaniiru. Gara fuulduraattis hojiiwwan misoomaa sadarkaa barbaadamutti akka raawwatamaniif nageenya naannoo isaanii itti fufiinsa qabuuf eegumsa gochuun gahee isaanii ba’achuuf qophaa’uu isaanii mirkaneessaniiru.  
Naannoo Oromiyaatti qonna gannaarraa oomisha fooyya’aa argachuuf hojjetamaa jira
Sep 3, 2026 238
Hagayya 28/2018 (ENA)-Bara oomishaa 2018/19 naannoo Oromiyaatti oomisha fooyya’aan argachuu akka danda’amu kunuunsi midhaanii ciminaan hojjetamaa jiraachuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Waqtii oomishaa kanatti oomisha argachuuf karoorfame milkeessuuf lafa qonnaa qopheessuu fi galteewwanitti fayyadamuun facaasuun alatti midhaan biqile aramaa, ilbiisotaa fi dhukkuboota garagaraarraa ittisuun murteessaadha. Hogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, naannichatti qonna gannaarraa oomisha fooyyee qabu walitti qabuun wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda fudhattoota hirmaachisuudhaan hojjetamaa jira. Bara oomishaa kana naannichatti lafa hektaara miiliyoona 11 tuqaa 1 caalu midhaan akaakuu garagaraan misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 380 fi kuma dhibba 6 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kana keessaa amma ammaati lafti hektaara miiliyoona 9 kuma 627 fi 749 irra sanyiin garagaraa facaafameera. Oomishtummaa dabaluuf itti fayyadama teeknooloojii guddisuun akka danda’ame kan eera hogganaan kun, akka Kanaan lafti hektaara miiliyoona 5 fi kuma 158 fi 516 tiraaktaraan qotamuu dubbataniiru. Galtee qonnaa ilaalchisee xaa’oo amma ammaatti dhihaate kuntaala miil.10 tuqaa 5 keessaa amma ammaatti kuntaalli miiliyoona 7 fi kuma 677 ol qonnaan bulaaf raabsamuu beeksisaniiru. Oomisha karoorfame milkeessuuf keessumaa kunuunsii fi eegumsi midhaanii karaa qindaa’een hojjetamaa jiraachuu obbo Geetuun dubbataniiru. Qonnaan bulaan daboo fi tooftaa wal gargaarsaa karaa aadaatiin midhaan kunuunsaa akka jiru ibsaniiru. Hojiin kunuunsaa fi eegumsa midhaanii cimsuuf keemikaalonni farra aramaa fi ilbiisaa qonnaan bulaaf raabsamuu ibsaniiru. Akka Kanaan hojmaata qindaa’aa fi wal hubannaatiin hojii hojjetameen midhaan facaafame haala gaariirra akka jiru ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Appilikeeshinichi galmoota imala dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf gumaacha ni taasisa - Injiinar Taakkalaa Uumaa
Sep 4, 2026 92
Hagayya 29/2018(ENA): Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa appilikeeshinii Diijitaalaa tajaajila isaa caalmaatti si’oomsu ifoomseera. Appilikeeshinichi maamiltoonni bakka jiranii tajaajila dhaabbatichaa kamiiyyuu akka argatan kan dandeessisu Appilikeeshinii Diijitaalaa haaraa ta’uutu ibsame.   Eegaluun appilikeeshinii dijitaalaa kun galmoota imala dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf milkaa’ina guddaa akka ta’e miseensi Boordii Geejjibaa fi Loojistikii Galaanaa Itiyoophiyaa fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Aksiyoona Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaa himaniiru. Appilikeeshinichi guyyoota torbanii tajaajila sa’aatii 24 kennuuf dandeessisa jedhan. Teeknooloojiin misooma hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf wantoota barbaachisaan keessaa ijoo Injinar Taakkalaa Uuman himaniiru. Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf damee Loojistiksiif ulaa Galaanaa qabaachuun diqrama akka ta’e hubachiiniiru. Tajaajilli dijitaalaa ifoome kun, imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf tarkaanfii tokko ta’uu eeraniiru   Tajaajila si’ataa, ammayyaa fi uwwisa tajaajilaa bal’isuun hanqinaalee turan furuu keessatti appilikeeshinii gahee olaanaa akka qabu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injinar Abduulbar Shamsuun ibsaniiru. Hojiin teeknooloojii dijitaalaa cimsuu akka addunyaatti dorgomaa taasisuu fi tajaajila bu’a qabeessa ta’e akka kennu kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Dijitaalli Itiyoophiyaa guddina dameelee hedduu dhufe irratti gumaacha olaanaa taasiseera
Sep 2, 2026 205
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan Raawwii Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaa’inaan xumuruun gara marsaa biraatti ce’uun Tarsiimoo Dijiitaalaa bara 2030 hojiirra oolchaa jirti. Hojiirra oolmaan tarsiimoo damichaan guddina olaanaa galmeessisuun hojiirra oolmaa fi haaromsa dijitaalaa dameelee adda addaa keessatti boqonnaa guddaa baneera. Dhimma kana irratti hayyoonni ENA waliin turtii taasias akka jedhanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti argameef gumaacha olaanaa taasiseera. Guddinni damichaa kallattiinis ta’e al-kallattiin hojii qabatamaa dameelee adda addaa keessattuu barnootaa fi fayyaa waliin kan walqabatu ta’uu hayyoonni kunneen eeruun, barnootaa fi fayyaa dabalatee dameewwan tajaajilaa adda addaa keessatti bu’aa qabatamaa ta’e fiduu danda'niiru jedhan. Yuunivarsiitii Dillaatti Daarektarri walitti hidhaminsa Industirii fi cehumsa Teeknooloojii Doktar Addisuu Faranjoo waggoota muraasa darban ijaarsa irraa kaasee hanga hojiirra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa hojiin mootummaan hojjetee fi bu’aan argame dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Faayidaa adda baasuun, tajaajilli dhaabbata tokkoo Ministeera Maallaqaa fi hojiiwwan qabatamaan kanaan walqabatan biroo lammiileen tajaajila saffisaa akka argataniifi malaammaltummaa akka ittisan taasiseera jedhan. Akkasumas leenjiin Itiyoo Koodarootaa dargaggoonni keessumaa dargaggoonni damee kanarratti beekumsa akka horataniifi dorgomtoota gahumsa qaban ta’uun carraa hojii akka uumuuf gargaareera jedhan. Akka biyyaattis tajaajiloonni masoob fi faayidaan hojiirra oolaa jiru bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhan. Tajaajilli yunivarsiitichaa hedduun karaa dijitaalaa kan raawwatamaa jiru ta’uu eeruun, dandeettii kalaqaa dargaggoonni damee kanarratti qaban guddisuuf leenjiin gama bulchiinsa humna namaa fi roobootikii irratti kennamaa akka jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichatti barsiistuu fi qorattuu saayinsii kompiitaraa fi itti gaafatamtuu damee Dijitaalaazaayizeeshinii Tajaajila Hawaasaa fi Pirojektoota Alaa kan ta’an Sennaayit Mootii, hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii, tajaajilaa fi dameewwan biroo keessatti dandeettiin uumame olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kenniinsa tajaajilaa fi akkaataa jireenyaa ta’aa akka jiru, ergaa waljijjiiruu irraa kaasee hanga tajaajila kamiyyuu waraqaa malee kennuu fi fudhachuutti hojiin tajaajila kamiyyuu babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo hawaasaa damee kanaa guddisuun wiirtuu hojiirra oolmaa dijitaalaa damee kanarratti ta’uun Dijiitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 damee dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi tarkaanfataa fiduun isaa ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Sep 1, 2026 309
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera. Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru. Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru. Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru. Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru. Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru. ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru. Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru. kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.
Ispoortii
Arjantiinaaf waanan danda’e hunda gumaacheera  amma yeroon garee biyyaalessaa irraa adda ba'uudha— Liiyoonel Meesii
Sep 1, 2026 323
Hagayya 25, 2018 (ENA): Taphataan kubbaa miilaa Arjantiinaa, Waggaa 39 Liiyoonel Meesii, garee biyyaalessaa isaa waliin kana booda akka hin taphannee fi garee biyyaalessaa irraa adda of baasuuf murteessuu isaa ifatti beeksise. Liiyoonel Meesii ergaa fuula miidiyaa hawaasaa Inistaagiraamii isaa irratti barreesseen, “Erga tapha xumuraa Waancaa Addunyaa sanaa booda wantoota hunda gadi fageenyaan ergan yaadee booda, garee biyyaalessaa irraa adda bahuu koo hundaaf beeksisuun barbaada” jedhe. Murtoon kun garaa isaa kan madeessuufi baay’ee kan isa miidhu ta’uu ibsuun, “Yeroon ani garee biyyaalessaa irraa adda bahuu murteessu amma ga’eera” jedhe. ''Maaliyaa Arjantiinaa uffadhee waanan danda’e hunda godheera. Isin Arjantiinaa ta’uu keessaniin akka boontan gochuufis waanan qabu hunda kenneera,” jechuun ibse. Meesiin yeroo inni garee biyyaalessaa keessatti dabarse hundi yeroo hunda qalbii isaa keessa akka jiraatu ibsee, amma immoo taphattoonni haaraan fi dargaggoonni carraa argachuu akka qaban dubbate. Barreeffama isaa kana tapha xumuraa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatee guyyoota lama booda akka barreesse ibsameera. Akkasumas, yeroo rakkisaa keessa jiru kanatti, erga abbaan isaa du’an addunyaa kanarraa boqotanii booda, murtoo kana dabarsuuf haalli keessa jiru dhiibbaa keessa akka isa galche ibsameera. Liiyoonel Meesii waggoota 20 darban keessatti ummanni Arjantiinaa jaalala isaaf agarsiisaa tureef galata galcheera. Akkasumas, yeroo gaarii fi yeroo hamaa keessatti garee biyyaalessaa isaa cinaa akka dhaabbatu ibseera. Murtoon Liiyoonel Meesii kun miidiyaalee addunyaa biratti dhimma marii guddaa ta’eera. Liiyoonel Meesii bara 2005 irraa hanga 2026tti uffata garee biyyaalessaa Arjantiinaa uffatee taphoota 207 irratti hirmaachuun, goolii 125 galcheera. Kanaanis seenaa garee biyyaalessaa Arjantiinaa keessatti nama goolii hedduu galche ta’eera. Dorgommii Waancaa Addunyaa yeroo dhiyoo kana gaggeeffamerratti goolii 8 galcheera. Walumaagalatti, Meesiin Waancaa Addunyaa irratti goolii 22 galcheera. Kanaanis taphataa Faransaay Kiliyaan Mibaappee, kan goolii 23 qabu, hordofee tarree taphattoota goolii hedduu galmeessan keessaa sadarkaa olaanaa irra jira. Liiyoonel Meesii seenaa isaa keessatti waancaawwan 46 mo’achuun, seenaa kubbaa miilaa keessatti taphattoota waancaawwan hedduu mo’atan keessaa tokko ta’eera. Meesiin garee biyyaalessaa Arjantiinaa waliin waancaawwan garaagaraas mo’ateera. Isaan keessaa Waancaa Addunyaa, Kooppaa Ameeriikaa yeroo lama fi waancaawwan biroo ni argamu. Yeroo ammaa Liiyoonel Meesiin kilabii Ameerikaa Intar Miiyaamii keessatti taphachaa jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee biyyattii tokko tokkoo keessatti hamma rooba giddugaleessaa hanga cimaa ni argatu
Sep 3, 2026 193
Hagayya 27/2018 (ENA) — Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii hamma rooba giddugaleessaa irraa kaasee hanga rooba cimaatti argachuu akka danda’an Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi Ibsa ENAf ergeen akka beeksiisetti, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii rooba giddugaleessaa hanga cimaa ta’e ni argatu. Godinoonni Shawaa hundi, akkasumas Anyuwaak, Kafaa, Oomoo Dhihaa, Guraagee, Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas godinoonni Tigiraay Dhihaa, Tigraay Kaaba-Dhihaa, Tigraay Giddugaleessaa, Tigraay Bahaa fi Tigraay Kibbaa, fi godinoonni Sidaamaa baay’een rooba salphaa hanga giddugaleessaa ta’e ni argatu. Naannolee baha, kaaba-bahaa fi giddugaleessa Itoophiyaa keessatti roobni hir’achaa kan deemu yoo ta’u, naannolee kibbaa fi kibba-bahaa biyyattii keessatti garuu faca'insi roobaa fi hamma isaatiin, kan duraa caalaa fooyya’aa ta’e ni argatu. Kanaaf, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee adda addaatti roobni garaagarummaa qabaachuu waan danda’uuf, qonnaan bultoonnii fi jiraattonni odeeffannoo haala qilleensaa yeroo yerootti hordofuun barbaachisaadha. Inistiitiyuutichi, hawaasni naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman, kanneen jiidhina salphaa, giddugaleessaa fi cimaa argatan, akkasumas naannolee qonnaa midhaanii, horsiisa bulaa fi gariin horsiisa bulaa keessatti argaman, haala qilleensaa kana hojii qonnaa isaaniif akka itti fayyadaman hubachiiseera. Kana malees, naannolee rooba giddugaleessaa fi cimaa argatan keessatti, lafa qonnaa gadi-bu’aa a irratti bo’oo bishaanii fi bo’oo dhangala’aa cufaman bananii hojii irra akka oolan gochuu, dhukkuba midhaanii fi aramaa dursee ittisuu, akkasumas lafa irraa biyyoo akka hin dhiqamneef tarkaanfiiwwan barbaachisan fudhachuu akka qaban hubachiiseera. Qonnaan bultoonnis yeroo yerootti daawwannaa maasii gochuun of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisan gorsaniiru. Naannolee jiidhina salphaa hanga giddugaleessaa argatan keessatti immoo, jiidhina argamu sirnaan fayyadamuun, bishaan roobaa walitti qabuun yeroo bonaa itti fayyadamuun, bishaan lafa keessaa hurkaa’uu hir’isuuf hojiiwwan barbaachisan raawwachuun, akkasumas marga beeyiladaa sirnaan kunuunsuu fi tiksuu akka barbaachisu ibsameera. Inistiitiyuutichi dabalataan, haalli qilleensaa guyyoota kurnan walitti aanan itti fufu kun, laggeen fi bishaanota naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman keessatti, dhangala’aan bishaanii lafa irra yaa’u hamma xiqqaa irraa kaasee hanga guddaatti uumamuu akka danda’u ibseera.
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 633
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti hojiileen Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa qabeenya Uumamaaf taasifamaa jiru Jijjiirama Qilleensaa Ittisuuf Tattaaffii Addunyaalessaa Deeggaraa jira
Aug 23, 2026 644
Hagayya 17/ 2018 (ENA) : Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa fi kunuunsa uumamaa naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran tattaaffii addunyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf taasisaa jirtu kan deegaru ta’uu beeksise. Naannichi daldala kaarboonii babal’isuun jijjiirama qilleensaa qolachuuf tattaaffii addunyaa taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus ibseera. Akka obbo Araarsaa Raggaasaa, hojii gaggeessaa Waliigalaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa jedhanitti, naannichi jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaa irratti taasifamaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.   Keessattuu, gadi lakkifamuu kaarboon daayi’oksaayidii hir’isuu fi uwwisa bosona guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran akeekaniiru. Biqiltoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti dhaabaman irra caalaan isaanii milkaa’inaan gara bosonaatti jijjiiramuun haala qilleensa naannoo eeguu fi gadi lakkifamuu kaarboonii hir’isuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaanii ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irraa sirna fayyadamummaa itti fufiinsa qabu qopheessuun hawaasni bu’aa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabu cimsee itti fufa jedhaniiru. Akka qorannoo saayinsiitiin lafti bosonaa heektaarri tokko kaarboon daayi’oksaayidii toonii 10 hanga 20 kuusuu fi xuuxuuf dandeettii olaanaa akka qabu ibsaniiru. Misoomni bosonaa naannichi gaggeeffamaa jiru tattaaffii gadi lakkifamuu kaarboonii addunyaa irratti taasifamu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu kun ragaa ta’uu ibsaniiru.   Obbo Araarsaan adeemsa seenaa Itoophiyaan gabaa kaarboonii irraa galii argachuu eegalte ibsuun, Gurgurtaan kaarboonii bosonaa jalqabaa bara 2012 Bosona Baaleetti akka eegale yaadachiisaniiru. Obbo Araarsaan itti dabaluudhaan, Bara 2012 hanga 2019 gidduutti kaarboonii meetiriik toonii miiliyoona 9 gurguramee gara birrii biiliyoona walakkaatti dhiyaatu galii argamsiiseera jedhani. Galiin gurgurtaa kanarraa argamu bosona eegsisuufi hojiiwwan misooma bosonaa dabalataaf, fayyadamummaa hawaasni itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi michoota ardiilee fi idil-addunyaa waliin qindoominaan kaarboonii bara 2022 hanga 2024 gidduutti galmaa’e meetiriik toonii miiliyoona 13 gurguruufis qophii ta’uu ibsameera.   Gara fuulduraattis bosona uumamaa fi namtolchee karaa saayinsaawaa ta’een kunuunsuu fi daldala kaarboonii hojiirra oolchuun hojiin eegumsa naannoo fi fayyadamummaa diinagdee biyyaalessaa dabaluu itti fufa jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti sagantaan Ashaaraa magaarisaa uwwisa Bosonaa dabaleera
Aug 21, 2026 712
Hagayya 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mancaatii bosonaa hir'isuun qabiyyee bosonaa dabaluusaa Dhaabbanni Bosonaa fi Bineesota Bosonaa Naannichaa beeksise. Itiyoophiyaatti waggoota kurnan darban keessatti sababa adda addaan mukkeen qabiyyeen bosonaa gadi bu'ee ture. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalame kun Naannoo Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan irratti hojjetameera.   Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona jiru eeguu, mancaatii ittisuu fi mukkeen faayidaa dinagdee fi soorataaf oolan dhaabuu irratti xiyyeeffannoon kennameera. Hojii kanaan qabiyyeen Bosona Naannichaa saffisaan dabalaa jiraachuurra darbee, Naannoon Oromiyaa Bosona haaromsuu fi eeguu keessatti qooda olaanaa taphachaa jira. Hojii gaggeessaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Obbo Araarsaa Raggaasaa ENA waliin turtii taasisaniin, waggoottan darban keessatti uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojiileen garagaraa hojjetamaniiru. Hojiiwwan uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojjetaman keessaa bakkeewwan sababa adda addaan manca’an irratti karaa saayinsaawaan biqiltuu garagaraa dhaabuurra darbee tuttuqqaa namaa fi bineensarraa bilisa taasisuun fi babal'ina lafa qonnaa seeraan alaa ittisuuf hojii hojjetameen bu'aan olaanaan galmaa'uu isaa dubbataniiru. Keessumaa biqiloota dhaabuu qofa irratti osoo hin daangeeffamin, kunuunsa isaaniitiif xiyyeeffannaan olaanaan kennamuunsaa bu'aa argameef sababa guddaa ta'uu himaniru. Haaluma kanaan uwwisni bosona naannichaa duraan gadi bu'aa ture gara dhibbeentaa 27tti guddisuun danda'amuu isaa Obbo Araarsaan dubbataniiru. Keessattuu sagantaan Ashaaraa magarisaa hawaasa biratti ilaalcha gaarii uumuudhaan, dhaabuu qofa irratti osoo hin ta'iin, kunuunsaa fi eegumsa isaa irratti hirmaannaan hawaasaa cimuun bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu ibsaniiru.   Tattaaffii taasifameen biyyoon akka hin dhiqamne ittisuu cinaatti, gabbinni biyyoo dabaluu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniru. Dabalataanis, bishaan lafa jalaa akka gabbatu taasisuun burqaawwan bishaanii, laggeenii fi haroowwan goganii turan akka deebi'an taasiseras jedhan. Kanneen keessaa akka fakkeenyatti kan kaasan Godina Harargee Bahatti Haroon Haramayaa gogee kan ture deebi'ee mirgisuun, yeroo ammaa hawaasa naannichaatiif tajaajila kennaa jiraachuu isaa akka fakkeenyaatti eerameera. Obbo Araarsaan akka himanitti, yeroo ammaa naannichatti walii galaan lafti hektaara miliyoona 4 bosonaan misoomee jira. Walii galaatti Naannichatti lafa heektaara miliyyoona tokkotti dhiyyaatu kunuunsaa fi eegumsa bineensotaaf, paarkiwwaniif fi iddoowwan bashannanaatiif kan oolu yoo ta'u, hektaarri kuma 700 immoo dhaabbii biqiltootaa fi misooma bosona nam-tolcheef kan adda bahe ta’u himaniru. Lafa walii galaa kana keessaa hektaari miliyoona 2 tuqaa 3 ta'u immoo bosona uumamaatiin gutummaatti kan uwwifame ta'uu ibsaniiru.    
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 30427
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 17665
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16780
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015