ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaadha
Jan 15, 2026 21
Amajjii 7/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa nageenya waaraa fi mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota dimookiraasii Azmaraawu Andeemoo ibsan. Mariin Paanaaliii mataduree ““Nageenya itti fufsiisuu, kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun walta’insa ENA fi Biiroo Koomunikeeshinii Naannoo Amaaraan qophaa’e Magalaa Baahirdaaritti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Barreeffama marii mata duree ‘’Marii Biyyoolessaa fi Ijaarsa nageenyaa’ jedhu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Itti Aanaan Walitti Qabaa Koree Dhaabbataa Dhimmoota Dimookiraasii Azmaraawu Andamoo dhiheessaniiru. Barreeffamasaaniin Itiyoophiyaatti garaagarummaa karaa nagaan hiikuu fi nageenya itti fufinsa qabu mirkaneessuuf shoorri Marii Biyyoolessaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa fudhatama qabu ijaaruuf , dhimmoota wal nudhabsiisanirratti mari’achuun walii galuu fi sirna dimokiraasii cimsuuf murteesaadha jedhani. Kanaafis Komishiniin Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan hundeeffame gad fageenyaa nii fi amala rakkoolee hubachuun,tooftaa fi haala biyyoota biroorraa fooyya’een hojjechaa jirachuu dubbataniiru. Dhaabbilee cimoo ijaaruun hariiroo hawaasummaa cimsuunii fi walii galtee hawaasaa haaraa uumuun garaagarummaa gara tumsaatti jijiiruun nageenya itti fufinsa qabu qooda bakka hin buune akka qabu dubbataniiru. Mariin Biyyoolessaa furmaata ariifachiisaa osoo hin taanee, yero dheeraa kan fudhatu invastimantii akka ta’e eeruun, marichi meeshaa ijaarsa nageenyaa qofa osoo hin taanee, utubaa ijaarsa biyyaa ta’uu hubachiisani. Itiyoophiyaanonni hundi carraa seenaa qabeessa kana fayyadamuun carraasaanii fuulduraa akka murteessanii fi waliigaltee biyyoolessaa uumuuf qoodasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.
Naannoo Oromiyaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo(Masoob) giddugalawwan 27tti tajaajila kennaa jira
Jan 15, 2026 12
Amajjii 7/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo(Masoob) giddugalawwan 27tti tajaajilaa kennaa jiraachuu Biiroon Koomunikeeshinii Naannichaa ibse. Mootummaan kenna tajaajila dhaabbileerratti komii hawaasarraa ka’aa ture hiikuuf hojiiwwan hedduu bu’aa qabeessa ta’an hojjechaa jiru keessaa Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo keessatti argama. ‘Masoob’ Tajaajilli giddugala iddoo tokkoo Magaalaa Finfinneetti eegalame gara naannooleetti babal’atee tajaajilawwan lafaa, Galii fi kanneen biroon wiirtuu tokkotti kennama jiraachuun ni beekama. Hogganaan Biiroo Koomunikeeshinii Naannoo Oromiyaa Haayiluu Addunyaa turtii ENA waliin taassisaniin Naannichatti kenna tajaajiloota Mootummaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Naannichatti tajaajilli kun Magaalota Shaggar, Adaamaa,Bishooftuu Jimmaa fi Shaashamanneetti eegalee yeroo ammaa gara wiirtuuwwan 27tti babal’achuu himaniiru. Tajaajilichi gaaffiiwwan Bulchiinsa gaarii deebisuu fi hoj-maata badaa hanbisuu waliin wal qabatee gaaffii yeroo dheeraa hawaasni kaasuuf deebii ariifataa kennuuf gargaaraa jiraachuu ibsaniiru. Giduugalichi tajaajiloota hedduu foddaa tokkoon kennuu danda’uusaa qofa osoo hin ta’iin tajaajilamtoonni yeroo gabaabaa keessati dhimmasaanii akka raawwatan dandeessiseera jedhaniiru. Gara fuulduraatti sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti ‘Masoob’ tajaajila giddugala iddoo tokkoo jiran gara kutaa magaalaatti gad-buusuun xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru. Naannichatti hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru rakkoolee kenna tajaajilaa waliin walqabatan hojiiwwan misoomaa biroo waliin xiyyeeffannoo wal qixa kennuun hojjecha jiraachuu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan Ifa Tuurizimii Jijiirama waliin dhufeen Miidhagaa fi Misoomaa jirti - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 15, 2026 15
Amajjii 7/2018(ENA)- Itiyoophiyaan Ifa Tuurizimii Jijiirama waliin dhufeen Miidhagaa fi Misoomaa jirti jechuun ibsan itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa. Seenaan yeroo dheeraa turizimii Itiyoophiyaan qabdu hamma qabeenya isheen qabdu, miidhaginnni uumamaa ishee hamma himamuuf qabdu kan hin ibsamne ta’uu dubbataniiru. Waggoottan jijiiramaa darban damee Turizimiin jijiiramoonni argaman rakkoo baroota dheeraa bu’uurarraa jijiiruun misooma Turiizimii haaraa kan ijaaredha jechuun ibsaniiru. Mootummaan jijjiiramaa Tuurizimii akka bu’uura Diinagdee tokkootti fudhachuun dhimmuun hojjeteera. Bu’aa dinqisiisaa kanaaf Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad damicha mul’ata fagoon ilaalanii, yaadama turizimiif jiru sirreessuurraa eegalee hoggansa biyyaa fi dhaloota gidduugaleeffate kennuun hojiin hojjetan milkaa’inichaaf balbala kan banedha jedhaniiru. Yeroo ammaa damee Turizimiin milkaa’inoota argaa jirru akka ifa guyyaatti kan lakkaa’amudha jedhaniiru.
Yunivarsiitichi barnoota idileetiin dabalatatti leenjii hojii irratti xiyyeeffate kennuun eebbifamtootaaf carraa hojii babal’isuuf hojjechaa jira
Jan 15, 2026 19
Amajjii 7/2018(ENA) -Ynivarsiitiin Madda Walaabuu barnoota idileetiin dabalatatti leenjii hojii irratti xiyyeeffate kennuudhaan filmaatawwan hojii eebbifamtootaaf babal’isuuf hojjechaa jiraachuu ibse. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa doktar Birhaanemasqal Xannaa akka ibsanitti, Yunivarsiitichi humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuu kaayyoo taasifatee hojjechaa jira. Yunivarsiitichi barnoota idilee kennuun dabalatatti eebbifamtoonni leenjii qabatamaa hojii uumuu fi ogummaa daldalaatiin kennamuudhaan addunyaa hojii irratti akka milkaa’aniif kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitichi bara kana barattoota eebbifamtoota 250 ta’aniif leenjii ogummaa hojii kalaquu, karoora biizinasii qopheessuu fi filmatawwan naannoo fi hudhaalee jiran adda baasuu irratti xiyyeeffate akka argatan taasiseera. Pirezidaantichi eebbifamtoonni leenjii fudhatanitti fayyadamuun harka namaa eeguu irraa bilisa bahanii miira hojii uummachuu akka guddifatan gorsaniiru. Barattoonni eebbifamtootaa leenjii fudhatan gama isaaniin, ilaalcha qacaramuu keessatti qofa daangeffamee ture carraa kan bal’ise ta’uu ibsan. Barattoota barnoota Manajimantiin eebbifaman keessaa eebbifamtuu Liinaa Wayyuu yaada kenniteen, kanaan dura ilaalcha qacaramuun akka waan guddaatti ilaalaa akka turte yaadachiifteetti. Yunivarsiitichi barnoota idileetiin dabalatatti, hojii uumuu irratti leenjiin hojii irratti xiyyeeffate, yaada qacaramuu keessaa bahuun filmaata naannoo isaanii jiran qorachuuf akka isaan gargaaru dubbatteetti. Barataan Abdurroo Kiniisoo leenjiin kun beekumsa yeroo Yunivarsiiticha keessa turetti argate hojiitti hiikuun hojii daldalaa mataa isaa uumuuf carraa guddaa akka ta’u dubbata. Keessumaa karoora biizinasii qopheessuu irratti leenjiin fudhate qabatamaan akka isa gargaaru himeera. Barattuun biroo kutaa barnoota Manaajimantii Eeden Bagaashawuu gama isheen, leenjiin fudhatte hojii uummachuuf kaka’umsa akka horeef dubbatteetti. Turtii Yunivarsiitiin argattetti fayyadamuun akkasumas leenjii argatteen waan naannoo jiruun hojii uummachuun gara hojiitti seenuun akka danda’amu hubatteetti. Barataan eebbifamaan Yunivarsiitichaa kan biraa Abeel Tasamma gama isaan, beekumsaa fi dandeettii yeroo barnootaa argate carraa gaarii naannoo isaa jiru waliin walitti fiduun, hiriyyoota isaa waliin gurmaa’uudhaan hojiitti seenuuf xiinsammuudhaan kan of qopheessee ta’uu ibseera. Leenjiin kun ilaalcha keenya kan hojii qacaramuu qofa irratti daangeffame kan bal’isee fi filannoowwan hojii biroo qorachuuf carraa nuuf uumeera kan jedhe immoo barataa kutaa Qo’annoo Gaazexeessummaa fi Komunikeeshinii Dastaa Dabalaati. Leenjiin hojiirratti xiyyeeffate kun yaada hojii uummachuu (dhaweessuu), akkaataa karoora wixinee yaadaa qopheessanii fi qorannoo gabaa irratti beekumsa dabalataa akka argannuu fi xiinsammuun akka of qopheessinuuf nu gargaaree jedhe.
Mariin paanaalii mata duree “Nageenya itti fufsiisuu, kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira
Jan 15, 2026 26
Amajji 7/2018 (ENA)- Mariin paanaalii tumsa ENA fi Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Amaaraan waliin qophaa’e mata duree “Nagaa itti fufsiisuu; kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti pirezidaantiin mootummaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, Dura Taa’aan Koree Dhaabataa Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Iwunatee Allanee, Hojii Gaggeessaa Olaanaa ENA Saayifee Darribee fi keessummoonni affeeraman argamaniiru. Marichaan, barreeffamni Marii biyyaalessaa fi ijaarsi nageenyaa, hojiiwwan nageenyaa fi tasgabbii naannchatti hojjetamanii fi fooyya’insa jiran irratti xiyyeeffate dhiyaatee mariin irratti ni gaggeeffama. Akkasumas, Mootummaa Naannoo Amaaraa misoomsuuf abdiiwwan jiran, fayyadamummaa uummataa, qabeenya uumamaa naannichaa fi filmaatawwan invastimantii irratti barreeffamni dhiyaatee irratti akka mari’atamu ibsameera.
Siyaasa

Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif dhoksaan erge to’atamani.
Jan 14, 2026 95
Amajjii 6/2018 (ENA) – Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa baandota keessaa fi diinota seenaa waliin ta’uun nageenya biyyattii booressuuf shiftoota maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuuf dhoksaan erge to’achuu Poolisiin Federaalaa ibseera. Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun rasaasawwan kanneen shakkamtoota lama waliin buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’achuu beeksiseera. Qorannoo sadarkaa jalqabaa shakkamtoota kanneen irratti gaggeeffameen rasaasonni kunneen mootummaa Shaabiyaa irraa ergamuufi gareen Finxaaleyyii ABUT naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetii fuudhee gara naannoo Amaaraa Shawaaroobiit galchuun shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif geessuuf socho’aa akka turan mirkanaa’eera. Gareen Finxaaleyyii mootummaa Shaabiyaaf riqicha ta’ee tajaajilaa jiru ABUT garee shiftootaa maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuun nageenya biyya keenyaa booressuuf karoorsee rasaasa Kilaashii kuma 41 fi 999, rasaasa Bireenii kuma 14 fi rasaasa Diishqaa 800 waliigalaan rasaasa kuma 56 fi 799 dhoksaan Eertiraarraa karaa agaalaa Maqaleen konkolaataa fe’umsaa ‘Isuzu’ koodii 3 A.A B94744n simmintoofi bilookkeettii fakkeessuun fe’ee naannoo Amaaraa Waldiyaarraan gara Shawaaroobiititti osoo imalaaa jiranii buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’atameera. Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo wajjin qindoomuun hordoffii fi sakatta'insa cimaa taasiseen rasaasota kanneen Amajjii 5 bara 2018 shakkamtoota lama waliin to’achuun qorannoo irratti gaggeessaa jira. Baandonnii fi diinonni qindaa’anii nageenyaa fi tasgabbii biyyattii booressuuf akkasumas misoomaa fi guddina biyyattii danquuf yeroo garaagaraatti yeroo socho’an to’annoo jala ooluun kan yaadatamudha. Yeroo ammaa kanas humnoonni diinotaa kunneen biyyattii irratti miidhaa qaqqbasiisuuf socho’aa waan jiraniif humni nageenyaa oppireeshinii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu fi hawaasnis humna nageenyaa tumsuun deeggarsa akka taasisu Poolisiin Federaalaa waamicha dhiyeesseera.
Pirezidaanti Taayyee Asqasillaseen Ambaasaaddara Siriilaankaa bara hojii isaanii xumuran gaggeessani
Jan 14, 2026 112
Amajji 6/2018 (ENA)- Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Siriilaankaa ambaassaadar Taashaantaa Kumaaraasiirii bara hojii isaanii xumuran gaggeessani. Ambaassaaddar Taashaantaa Kumaaraasiirii Siriilaankaa fi Itiyoophiyaan biyyoota hariiroo cimoo qaban ta’uu ibsaniiru. Hariiroon ammayyaa biyyoota lamaanii akka lakkoofsa Faranjootaa bara 1972 akka hundeeffame eeruun, yeroo ammaa hariiroon siyaasaan, diinagdeen, aadaa fi hariiroo hawaasaan walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii guddachuu ibsaniiru. Dabalataanis hariiroon biyyoota lamaanii damee anniisaan, qonnaanii fi turizimii keessatti qaban guddachuus eeruun, yeroo ammaa kana lammiileen Siriilaankaa gara 200 ta’an Itiyoophiyaa keessatti damee adda addaatiin hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Itti dabaluunis Itiyoophiyaa fi Siriilaankaan hariiroo isaanii babal’isuuf carraa hedduu akka qaban ibsaniiru. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii kallattiin gara magaalaa guddoo Siriilaankaa Kolombootti akka eegalus eeggachaa akka jiran himaniiru. Kunis walitti dhufeenya biyyoota lamaanii daran akka cimsu, daldala, tajaajila geejjiba qilleensaa, turizimii fi dameewwan biroo kanneen akka anniisaa babal’isuu akka danda’u akeekaniiru. Dabalataan industirii qonnaan, dhagaa gati qabeessaa fi faayarratti dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Mariin Biyyaalessaa Rakkoolee mariin furuuf Qooda olaanaa qaba - Jiraattota
Jan 14, 2026 85
Amajjii 6/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa rakkoolee biyyattii ture mariin akka furamaniif qooda olaanaa qabaachuu jiraattonni Magaalaa Jigjigaa ibsan. Jiraattonni Magaalichaa ENAf yaada kennan, Komishiniin Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa adeemsa marichaa hirmaachisaa fi hammataa taasisuun Kutaalee Hawaasaa adda addaa hirmaachisaa tureera jedhan. Dhimma marichaarratti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaannaa fi hubannaa akka qabaatan gochuuf hojiin hojjechaa jiru kan jajjabeeffamudha jedhaniiru. Kanaanis mariin biyyaalessaa rakkoolee biyyattii turan mariin akka furamaniif qooda olaanaa qabaachuu jiraattonni dubbataniiru. Jiraattota yaada kennan keessaa keessaa obbo Abdiirahimaan Mahaammad, Mariin biyyoolessaa Ajandaa waloo walitti qabuun, rakkoolee mariin furuu fi aadaa haaraa dagaagsuun Itiyoophiyaa nagaa taate ijaaruuf ni gargaara jedhaniiru. Kunis biyyattiitti seenessa waloo ijaaruuf tattaaffii taassifamu kan cimsu ta’uu abdii qaban ibsaniiru. Obbo Adan Yuusuuf gama isaaniin,Komishiniin adeemsa Marii biyyoolessaa marii biyyichatti taassisaa jiru kutaalee hawasaa adda addaa hirmaachisuun raawwatamaa jiraachuun kan dinqisiifatamu dha jedhaniiru. Waldhabdeewwan biyyattii keessa jiran karaa qaroomeen furuuf hojiin marii cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Obbo Malaakuu Baalchaa gamasaaniin, Mariin biyyoolessaa imala guddina biyyaaf shoora olaanaa qabaachuu eeruun, keessumaa walii galtee uumuun imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa saffisiisuu dandeessisa jedhaniiru. Nageenyi guddina biyyaaf murteessa ta’uu eeruun, keessumaa milkaa’inoota hojiiwwan misoomaa karoorfamaniif mariin biyyoolessaa qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Nageenyii fi tasgabbiin waaraa akka bu’uuf adeemsa marichaa keessatti hirmaannaa keenya ni cimsina
Jan 14, 2026 86
Amajji 6/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa milkaa’inaan xumuramuun nagenyii fi tasgabbiin waaraa akka mirkanaa’uuf adeemsa marichaa keessatti hirmaannaa keenya ni cimsina jedhan Abbootiin Gadaa, Maanguddoonni biyya fi Haadholiin Siinqee. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa naannolee 11 fi bulchiinsa magaalota 2 keessatti, sadarkaa federaalaatti akkasumas qooda fudhattoota Itiyoophiyaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan irraa ajandaan walitti qabameera. Gareen marii ajandaa kaa’u kun qooda fudhattoota dhimma biyya isaanii keessatti hirmaachuu qaban walitti fiduun dhimmoota waloo isaanii irratti mari’achuu isaanii Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibseera. Sirna waldhabdee hiikuu biyyattii keessatti qooda fudhattoonni gahee olaanaa qabanis adeemsa kanarratti hirmaataniiru. Naanno Oromiyaatti Marii biyyaalessaa irratti kanneen bal’inaan hirmaatan keessaa Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Maanguddoonni biyyaa keessatti argamu. Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Maanguddoonni biyyaa ENAn magaalaa Adaamaatti dubbise, Mariin Biyyaalessaa akka milkaa’uuf shoora isaanii kan bahatan ta’uu ibsaniiru. Magaalaa Adaamaatti dura taa’aan Mana Murtii Aadaa kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa, Fayisaa Magarsaa akka jedhanitti, Mariin Biyyoolessaa godaannisa darbe furuu keessatti gahee olaanaa qaba. Marii hanga ammaatti tasifame irrattis Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Maanguddoonni Biyyaa hirmaannaa cimaa taasisuu himaniiru. Magaalaa Adaamaatti ajandaa walitti qabuu gaggeeffameen yaadota barbaachisoo ta’an kanneen nagaa waaraa Itiyoophiyaa milkeessuuf gargaaran akka dhiyeessan yaadachiisuun, hanga adeemsi kun xumuramutti waan isaan irraa eegamu bahachuu itti fufna jedhan. Maanguddoon biyyaa obbo Dirribaa Caalaa gama isaaniin, akka nannootti sagantaa ajandaa walitti qabuu magaalaa Adaamaatti gaggeeffame irratti yaada gaarii galteef ta’u dhiyeessaa turuu ibsaniiru. Keessumaa sirna aadaa waldhabdee furuu fayyadamuun nageenya waaraa buusuun akka danda’amu eeruun, Mariin biyyoolessaa akka milkaa’uuf nutis gahee keenya cimsinee ni baana jedhaniiru. Maanguddoon biyyaa biroo obbo Xilahuun Raagoo akka jedhanitti, qaamotni marii biyyoolessaa dhufu irratti hirmaatan yaadota Itiyoophiyaan biyya nagaa waaraa qabduu fi nama hunda fayyadamoo kan taasiftu akka taatu kan gargaaran irratti xiyyeeffachuu qabu. Mariin Biyyaalessaa rakkoolee keenya kan ittiin furannuu fi biyya biyyoota biroofillee fakkeenyaan fudhatamtu akka taatuuf gahee nurraa eegamu cimsinee ni bahanna jedhaniiru. Haati Siinqee Birqee Kabbadaa gama isaaniin, biyyi nageenya hin qabdu taanaan dubartiitu irra miidhama, deessee guddifachuuf, baatee galuuf hunduu qormaata itti ta’a jedhan. Mariin Biyyaalessaa amma adeemsifamaa jiru hunda kan fayyadu, rakkoolee kan furu waan ta’eef hunduu milkaa’ina isaaf gahee isaa cimsuu qaba jedhan.
Ijaarsi seenessa waloo pirojektii hirmaannaa qaamolee hundaa barbaadu kan itti fufiinsa qabudha
Jan 13, 2026 173
Amajjii 5/2018(ENA)- Ijaarsi seenessa waloo pirojektii biyyaalessaa hirmaannaa qaamolee hundaa barbaadu kan itti fufiinsa qabu ta’uusaa hogganaan waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaa doktar Abdula’iiz Daawud ibsan. Konfiransiin seenessa biyyaalessaa bocuu fi dhaabbata taasisuuf magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa ture walii galtee “ibsa walii galtee Jimmaa” baasuun xumurameera. Hogganaan waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaa doktar Abdula’iiz Daawud cufiinsa konfiransichaarratti haasawa taasisaniin, waltajjichi seenessa biyyaa ilaalchisuun mariin gadi fageenyaa kan irratti taasifamee fi bu’a qabeessa akka ture ibsaniiru. Ijaarsi seesessa waloo yeroo tokkotti kan xumuramu osoo hin taane pirojektii biyyaalessaabitti fufiinsa qabu ta’uu eeruun, adeemsichi hirmaannaa qaamolee hundaa akka barbaadu cimsanii kaasaniiru. Keessumaa qoodni dhaabbilee amantaa fi hawaasa siviikii olaanaa ta’uu dabalanii dubbataniiru. Kanaaf waltajjiin jajjabeessaan wiirtuun qaroomaa fi siyaasa nagaa(CRPP)’n jalqabe kana cimsee itti fufuu akka qabu eeraniiru. Mootummaan naannoo Oromiyaa pirojektiin biyyaalessaa waloo ta’e kun akka galma ga’uu fi akka milkaa’u qoodasaa akka gumaachu mirkaneessaniiru. Qophheessota, hayyootaa fi hirmaattota mariin kun akka milkaa’u gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Filannoo Biyyoolesaa torbaffaa karaa Dimokiraatawaa fi Haqa qabeessata’een gaggeessuuf qophiin taassifameera
Jan 13, 2026 168
Amajjii 5/2018(ENA)- Filannoo Biyyoolessaa 7ffaa karaa Dimokiraatawaa fi Haqa qabeessa ta’een gaggeessuuf qophiin ga’aan taassifamuu Afa-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota uummataa Taaggasaa Caafoo ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa seera baastota biyyoolessaa waliin waltajjii marii waloo magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira. Waltajjiin marii waloo Hariiroo sirna mootummootaa murteessuuf bu’uura labsii lakkoofsa 1231/2013 baheen gaggeeffama. Imaammatawwanii fi seeronni Mootummaa Federaalaa raawwii walitti dhihaatu , walii galtee waloo, haqa hawaasummaa, nageenya fulla’aa fi Bulchiinsa gaarii , Dimokiraasii fi eegumsa mirga Namoomaa akkasumsa hawaasa siyaas-diinagdee tokkoo ijaaruuf kan kaayyeffatedha. Afayaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoon wayita kana waltajjiin marii waloo seera baastota biyyaalessaa nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuun hawaasa siyaasaa fi dinagdee tokko ijaaruuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis waltajjiin marii bara Kanaan dhimmoonni waqtaawaa fi biyyoolessaa ka’anii Seera Baastota Federaalaa fi naannoolee waliin mariin nitaassifama jedhaniiru. Waltajjii Kanarratti qophii filannoo waliigalaa 7ffaa fi shoora manneen maree, sanada xiinxalaa fi qorannoo baajata paabilikii fi faayinaansii akkasumas sanada oodiitii seeraa irratti akka mari’atamu ibsaniiru. filannoo waliigalaa 7ffaaf Mootummaan haala mijataa uumuuf dhiyeessii galtee fi gahee ilaachisee marii gaggeessuu dubbataniiru. Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa fi Manni maree Nannoolee filannoo walii galaa bara kanaa filannoo marsaa 6ffaarraa haala fooya’een akka gaggeeffamuuf gahee qindeessummaa keenya gahuumsaan bahuu qabna jedhaniiru. Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa Riifoormii hedduu taasisuu kaasuun, hojii hordoffii fi to’annoo, hojii bakka bu’ummaa ummataa, gahumsaan bahuuf hojii dandeessisu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Filannicha milkeessuuf dandeettii keenya ijaaruu qaban jechuun, waltajjiin marii waloo seera baastota biyyaalessaa kanaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru. Kanaanis manni marichi bu’uura seeraa kaa’uun seeronni bahan heera mootummaan, Seerota Idil-Addunyaanii fi seerota biyyaa duraan turan waliin kan walsimatani ta’uusaanii fi hojiirra oolmaasaanii hordofuuf hojmaanni dandeessisan diriireera jedhaniiru.
Hogganaa Itti Aanaan Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa Koloneel Faantahuun Muhaabbaan waamicha nageennyaa fudhatan
Jan 13, 2026 152
Amajjii 5/2018 (ENA) – Hogganaa Itti Aanaan Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa Koloneel Faantahuun Muhaabbaan waliigaltee waamicha Nageenyaa Mootummaan Naannichaa dhiyeesse fudhachuudhaa karaa nagaan galan. Kolooneel Faantahuun Muhaabbaan eegdootaa fi hidhattoota hedduu waliin karaa nagaan galaniiru. AMCn akka gabaasetti Koloneel Fantaahuun Muhabbaan waliigaltee nagaa Mootummaa Naannoo Amaaraa waliin karaa Gamtaa Afrikaa fi IGADn adeemsifame hordofuun qabsaa’ota isaanii hunda waliinii fi meeshaa guutuun waamicha nagaa fudhachuun simatamaniiru. Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa gidduutti Sadaasa 25, 2018 waliigalteen nageenyaa mallattaa’uun kan yaadatamuudha.

Hawaasummaa
Yunivarsiitichi barnoota idileetiin dabalatatti leenjii hojii irratti xiyyeeffate kennuun eebbifamtootaaf carraa hojii babal’isuuf hojjechaa jira
Jan 15, 2026 19
Amajjii 7/2018(ENA) -Ynivarsiitiin Madda Walaabuu barnoota idileetiin dabalatatti leenjii hojii irratti xiyyeeffate kennuudhaan filmaatawwan hojii eebbifamtootaaf babal’isuuf hojjechaa jiraachuu ibse. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa doktar Birhaanemasqal Xannaa akka ibsanitti, Yunivarsiitichi humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuu kaayyoo taasifatee hojjechaa jira. Yunivarsiitichi barnoota idilee kennuun dabalatatti eebbifamtoonni leenjii qabatamaa hojii uumuu fi ogummaa daldalaatiin kennamuudhaan addunyaa hojii irratti akka milkaa’aniif kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitichi bara kana barattoota eebbifamtoota 250 ta’aniif leenjii ogummaa hojii kalaquu, karoora biizinasii qopheessuu fi filmatawwan naannoo fi hudhaalee jiran adda baasuu irratti xiyyeeffate akka argatan taasiseera. Pirezidaantichi eebbifamtoonni leenjii fudhatanitti fayyadamuun harka namaa eeguu irraa bilisa bahanii miira hojii uummachuu akka guddifatan gorsaniiru. Barattoonni eebbifamtootaa leenjii fudhatan gama isaaniin, ilaalcha qacaramuu keessatti qofa daangeffamee ture carraa kan bal’ise ta’uu ibsan. Barattoota barnoota Manajimantiin eebbifaman keessaa eebbifamtuu Liinaa Wayyuu yaada kenniteen, kanaan dura ilaalcha qacaramuun akka waan guddaatti ilaalaa akka turte yaadachiifteetti. Yunivarsiitichi barnoota idileetiin dabalatatti, hojii uumuu irratti leenjiin hojii irratti xiyyeeffate, yaada qacaramuu keessaa bahuun filmaata naannoo isaanii jiran qorachuuf akka isaan gargaaru dubbatteetti. Barataan Abdurroo Kiniisoo leenjiin kun beekumsa yeroo Yunivarsiiticha keessa turetti argate hojiitti hiikuun hojii daldalaa mataa isaa uumuuf carraa guddaa akka ta’u dubbata. Keessumaa karoora biizinasii qopheessuu irratti leenjiin fudhate qabatamaan akka isa gargaaru himeera. Barattuun biroo kutaa barnoota Manaajimantii Eeden Bagaashawuu gama isheen, leenjiin fudhatte hojii uummachuuf kaka’umsa akka horeef dubbatteetti. Turtii Yunivarsiitiin argattetti fayyadamuun akkasumas leenjii argatteen waan naannoo jiruun hojii uummachuun gara hojiitti seenuun akka danda’amu hubatteetti. Barataan eebbifamaan Yunivarsiitichaa kan biraa Abeel Tasamma gama isaan, beekumsaa fi dandeettii yeroo barnootaa argate carraa gaarii naannoo isaa jiru waliin walitti fiduun, hiriyyoota isaa waliin gurmaa’uudhaan hojiitti seenuuf xiinsammuudhaan kan of qopheessee ta’uu ibseera. Leenjiin kun ilaalcha keenya kan hojii qacaramuu qofa irratti daangeffame kan bal’isee fi filannoowwan hojii biroo qorachuuf carraa nuuf uumeera kan jedhe immoo barataa kutaa Qo’annoo Gaazexeessummaa fi Komunikeeshinii Dastaa Dabalaati. Leenjiin hojiirratti xiyyeeffate kun yaada hojii uummachuu (dhaweessuu), akkaataa karoora wixinee yaadaa qopheessanii fi qorannoo gabaa irratti beekumsa dabalataa akka argannuu fi xiinsammuun akka of qopheessinuuf nu gargaaree jedhe.
Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa haala ho’aan akka kabajamuuf haala qindoomina qabuun gahee keenya bahachuuf qophoofneerra- Dargaggoota tola oolan
Jan 15, 2026 19
Amajji 7/2018(ENA) - Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa haala ho’aan akka kabajamuuf haala qindoomina qabuun gahee isaanii bahachuuf kan qophaa’an ta’uu dargaggoonni tola ooltotaa magaalattii ibsani. Itiyoophiyaatti ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa Dilbataa fi Wiixata dhufuu taateewwan amantaa gara garaan miidhagee kabajama. Ayyaanicha irrattis daawwattoonni biyya alaa fi uummanni hedduun irratti hirmaatu. Magaalaan Finfinnee ayyaanichi bakkeewwan itti kabajamu keessaa tokko yoo taatu,magaalichatti misooma koriidaraa hojjetamee fi bakkeewwan hawwata turizimii miidhagfaman kunniin immoo miidhagina addaa ayyaanichaaf kan kennan ta’u jedhamee eegama. Dhima kana irratti ENAn dargaggoota tola ooltotaa dubbiseen akka jedhainitti ayyaanichi miidhagina magaalittii waliin akka miidhagee kabajamuuf tajaajila barbaachisaa kennuuf qophii taasisaa jiru. Tola ooltuun Salaam Balaayinaa jedhamtu,ayyaana kana kabajuuf uummannii fi turistoonni biyya keessaa hedduumminaan waan irratti argamaniif gahee lammummaa koo nan bahadha jetteetti. Misoomni koriidaraa uummata ayyaanicha kabajuufi turistoota daawwannaaf dhufaniif haala mijataa uumuun naannoo qulqulluu fi miidhagaa ta’e akka daawwatan gargaara jetteetti. Wayita ayyaanichi kabajamus hawaasni ayyaana kabajuuf bahe nageenya misooma haala eeguun akka ayyaana kabajaniif gahee ishee akka baatu ibsiteetti. Wagga waggaan ayyaanota uummataa adda baahahiitti kabajaman qindeessuun irratti kan hirmaatan dargaggoota tola ooltotaa Faasil Gullilaatii fi Ziyaad Shariif dha. Baranas akkuma kanaan duraa gahee keenya ni bahannaan dhaamaniiru. Misoomni koriidaraa ayyaana Cuuphaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa,Saayinsii fi Aadaa( UNESCO) tti galmaa’e kana miidhagina dabalataa kennaafii jedhani. Qabeenyi kunniin eegamanii akka tursiifamaniif gahee isaanii akka bahatan ibsaniiru. Pireezidaantiin Waldaa Dargaggoota magaalaa Finfinee Barakat Birbirsaa gama isaaniin, magaalichatti uummanni hedduun kan irratti hirmaatu ayyaanonni amantaa fi uummataa kan adda baabahiitti kabajamu haala milkaa’een akka kabajamee xumuramuuf dargaggoonni tola ooltotaa gahee olaanaa bahachaa turaniiru jedhani. Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa ayyaana amantaa fi aadaa isaa eeggateen haala ho’aan akka kabajamuuf dargaggoonni tola ooltonni gahee isaanii akka bahataniif hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Turtiin Ayishowu Spiid Itiyoophiyaatti taasise ijji namoota addunyaa miiliyoonaan lakkaa’amanii Finfinnee akka ilaalu taasiseera-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jan 15, 2026 35
Amajjii 7/2018 (ENA)- Daawwannaan Yuutiibara beekamaa Ayishowu Spiid Itiyoophiyaatti taasise ijji namoota addunyaa miiliyoonaan lakkaa’amanii Finfinnee akka ilaalu taasisuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Daawwannaan kun aadaa durii fi kabajamaa magaalaan keenya simannaaf qabduu fi qulqullinaa fi miidhagina magaalaa keenyaa addunyaaf kan mul’ise sagantaa bu’a qabeessadha jechuun ibsan kantiibaa Adaanech. Bifa Itiyoophiyaa sirrii ta’e hawaasa addunyaaf beeksisuuf carraa guddaa uumeera kan jedhan kantiibaa Adaanech, fuulduras namoota hedduu gara biyya keenyaatti akka hawatu amantaa qaban ibsaniiru. Taateen kun amma ammaattis ajandaa ta’ee itti fufuusaa itti fufuusaa ibsanii, sagantaa kana kan qindeessan dargaggoota biyya jaalatanii fi dhiibbaa uumuu danda’an, dhaabbilee federaalaa fi dhaabbilee mootummaa fi mit-mootummaa Finfinnee galateeffataniiru. Keessumaa ministeerri turizimii, komishinii turizimii magaalaa Finfinnee, biiroo komunikeeshinii magaalaa Finfinnee, intarteeyimantii Yissaaqaalii fi qooda fudhattoota biroo qindoomina agarsiisaniif dinqisiifataniiru.
Qulqullina Tajaajila fayyaa mirkaneessuuf damicha Innoveeshiniin deeggaruun cimee itti fufa
Jan 13, 2026 177
Amajjii 5/2018(ENA)-Qulqullina Tajaajila fayyaa mirkaneessuuf damicha Innoveeshiniin deeggaruun cimee akka ittifufu Deetaan Minisira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii ibsan. Yaa’iin Qulqullinaa fi Inooveeshinii Tajaajilla Fayyaa Biyyoolessaa qopheessummaa Biiroo fayyaa Oromiyaan Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii waltajjicharratti akka dubbatanitti , Qulqullina Tajaajila fayyaa fooyyessuun dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin taane ittisuurratti xiyyeeffannoon kennameera. Qulqullina Tajaajila fayyaa fooyyessuuf Innoveeshinii fi Dijiitaalayizeeshiniirratti bal’inaan hojjechuun dhaqqabamummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hogganaan Biiroo fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaanin, naannichatti qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf, Dijiitaalaayizeeshiniif , ijaarsa humna namaa fi galtee wal’aansaa guutuurratti bal’inaan hojjetamuu kaasaniiru. Qulqullina tajaajila fayyaa milkeessuuf tattaaffii taassifamu qaamolee qooda fudhattootaa hirmaachisuu fi kalaqawwan haaraa gara hojiitti galchuun itti quufinsa maamilaa dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Haqa qabeessummaa Qulqullina tajaajila fayyaa fi dhaqqabamummaarratti bu’aa argame ittifufsiisuuf hojiiwwan innooveeshinii fayyaa aadeffachuu fi tumsasaa cimsuu akka qaban dubataniiru. Hojiiwwan Innoveeshinii damee fayyaa egzibiishiniiwwan mul’isan, Qorannoo fi qo’annoowwan akkasumas tumsa kan cimsan mariiwwanii fi taateewwan biroon yaa’ichaan raawwatamu jedhaniiru. Yaa’icharratti Hoggantoonni Federaalaa fi Naannoolee, bakka bu’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunnyaa fi UNICEF Dhaabbileen Qorannoo, dameelee dhunfaa fi Dhaabbileen Miti-Mootummaa hirmaataniiru.
Diinagdee
Itiyoophiyaan Ifa Tuurizimii Jijiirama waliin dhufeen Miidhagaa fi Misoomaa jirti - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 15, 2026 15
Amajjii 7/2018(ENA)- Itiyoophiyaan Ifa Tuurizimii Jijiirama waliin dhufeen Miidhagaa fi Misoomaa jirti jechuun ibsan itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa. Seenaan yeroo dheeraa turizimii Itiyoophiyaan qabdu hamma qabeenya isheen qabdu, miidhaginnni uumamaa ishee hamma himamuuf qabdu kan hin ibsamne ta’uu dubbataniiru. Waggoottan jijiiramaa darban damee Turizimiin jijiiramoonni argaman rakkoo baroota dheeraa bu’uurarraa jijiiruun misooma Turiizimii haaraa kan ijaaredha jechuun ibsaniiru. Mootummaan jijjiiramaa Tuurizimii akka bu’uura Diinagdee tokkootti fudhachuun dhimmuun hojjeteera. Bu’aa dinqisiisaa kanaaf Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad damicha mul’ata fagoon ilaalanii, yaadama turizimiif jiru sirreessuurraa eegalee hoggansa biyyaa fi dhaloota gidduugaleeffate kennuun hojiin hojjetan milkaa’inichaaf balbala kan banedha jedhaniiru. Yeroo ammaa damee Turizimiin milkaa’inoota argaa jirru akka ifa guyyaatti kan lakkaa’amudha jedhaniiru.
Mariin paanaalii mata duree “Nageenya itti fufsiisuu, kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira
Jan 15, 2026 26
Amajji 7/2018 (ENA)- Mariin paanaalii tumsa ENA fi Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Amaaraan waliin qophaa’e mata duree “Nagaa itti fufsiisuu; kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti pirezidaantiin mootummaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, Dura Taa’aan Koree Dhaabataa Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Iwunatee Allanee, Hojii Gaggeessaa Olaanaa ENA Saayifee Darribee fi keessummoonni affeeraman argamaniiru. Marichaan, barreeffamni Marii biyyaalessaa fi ijaarsi nageenyaa, hojiiwwan nageenyaa fi tasgabbii naannchatti hojjetamanii fi fooyya’insa jiran irratti xiyyeeffate dhiyaatee mariin irratti ni gaggeeffama. Akkasumas, Mootummaa Naannoo Amaaraa misoomsuuf abdiiwwan jiran, fayyadamummaa uummataa, qabeenya uumamaa naannichaa fi filmaatawwan invastimantii irratti barreeffamni dhiyaatee irratti akka mari’atamu ibsameera.
Godina Gujiitti midhaan rooba Gannaan misoome kuntaalli miiliyoona 8 tuqaa 4 ol walitti qabame
Jan 15, 2026 36
Amajji 7/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti hanga ammaatti midhaan rooba Gannaan misoome kuntaala miiliyoona 8 tuqaa 4 ol walitti qabamuu isaa Waajjirri Qonna godinichaa beeksiseera. Waajjirichatti dursaan garee karooraa fi gamaaggamaa obbo Jaalataa Tasammaa godinicha keessatti rooba Gannaa darbeen lafti heektaara kuma 498 ol midhaan adda addaatiin misoomuu isaa yaadachiisaniiru. Misooma kanarraa midhaan kuntaala miliyoona 10 ol galchuuf karoorfamee hojjetamaa turuu eeraniiru. Midhaan gahe deeggarsa teeknooloojii ammayyaa fi humna namaatiin walitti qabame kuntaala miliyoona 8 fi kuma 460 ta’uu himaniiru. Midhaan walitti qabame keessaa qamadii, xaafii, garbuu, boqqolloo, baaqelaa,boloqqee fi saalixii warreen ijoo ta’an dha jedhan. Hojimaata qonnaa fooyya’aan fayyadamuun bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu oomishni baranaa akka dabalu taasiseera jedhan. Akkasumas, oyiruu qonnaa heektaara kuma 347 ol ta’u gargaarsa tiraaktaraan qotamee sararaan kilaastaraan facaafamuu fi galteewwan oomishaa sirnaan dhiyaachuu ibsaniiru.
Mootummaan Industiriiwwan Omishaaf xiyyeeffannoo kenneen humni omisha Industiriiwwanii fi dandeettiin dorgomuu isaanii guddachaa jira
Jan 15, 2026 31
Amajjii 7/2018(ENA)-Haala Mijataa Industiriiwwan Omishaaf uumuun humna omishaa guddisuurratti bu’aan qabatamaan galmaa’uusaa Ministirri Industirii Malaakuu Allabal ibsan. Ministirichi haala sochii hojii Zoonii Dinagdee Addaa Idil -Addunyaa Huwaajiiyaan yeroo daawwatan akka ibsanitti, Industiriiwwan omishaaf haala mijataa uumuun cimee ittifufa. Humna omishaa industiriiwwan omishaa guddisuunii fi Industiriiwwan haarawwan gara hojiitti akka galaniif haalli mijataan uumamaa jira jedhaniiru. Hojiin Fedhii dhiheessii humnaa Idustirotaa guutuu hojjetamaa jiraachuu kaasuun, kunis Invastimantii damichaan jiru dabalaa akka dhufu dandeessisuu ibsaniiru. Mootummaan xiyyeeffannoo Industiriiwwan omishaaf kenneen sharafa alaa damicharraa argamu guddachaa akka dhufu dandeessisuu hubachiisaniiru. Fakkeenyaaf, Paarkii Industirii Hawaasaatti omisha soolaariirratti gara hojiitti kan gale dhaabbanni Omisha Teekinoolojii Soolaarii Tooyoo baatiiwwan ja’an darban sharafa Alaa guddaa argamsiisuu ibsaniiru. Zooniin Dinagdee Addaa Huwaajiiyaan omishawwan teekinooloojii gara Alaatti erguuf yaalii omisha eegaluun tarkaanfii guddaa ta’uu eeraniiru. Daawwannaan har’aa Zooniin Diinagdee addaa caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’uuf kallattii kaa’uuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Oromiyaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo(Masoob) giddugalawwan 27tti tajaajila kennaa jira
Jan 15, 2026 12
Amajjii 7/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo(Masoob) giddugalawwan 27tti tajaajilaa kennaa jiraachuu Biiroon Koomunikeeshinii Naannichaa ibse. Mootummaan kenna tajaajila dhaabbileerratti komii hawaasarraa ka’aa ture hiikuuf hojiiwwan hedduu bu’aa qabeessa ta’an hojjechaa jiru keessaa Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo keessatti argama. ‘Masoob’ Tajaajilli giddugala iddoo tokkoo Magaalaa Finfinneetti eegalame gara naannooleetti babal’atee tajaajilawwan lafaa, Galii fi kanneen biroon wiirtuu tokkotti kennama jiraachuun ni beekama. Hogganaan Biiroo Koomunikeeshinii Naannoo Oromiyaa Haayiluu Addunyaa turtii ENA waliin taassisaniin Naannichatti kenna tajaajiloota Mootummaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Naannichatti tajaajilli kun Magaalota Shaggar, Adaamaa,Bishooftuu Jimmaa fi Shaashamanneetti eegalee yeroo ammaa gara wiirtuuwwan 27tti babal’achuu himaniiru. Tajaajilichi gaaffiiwwan Bulchiinsa gaarii deebisuu fi hoj-maata badaa hanbisuu waliin wal qabatee gaaffii yeroo dheeraa hawaasni kaasuuf deebii ariifataa kennuuf gargaaraa jiraachuu ibsaniiru. Giduugalichi tajaajiloota hedduu foddaa tokkoon kennuu danda’uusaa qofa osoo hin ta’iin tajaajilamtoonni yeroo gabaabaa keessati dhimmasaanii akka raawwatan dandeessiseera jedhaniiru. Gara fuulduraatti sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti ‘Masoob’ tajaajila giddugala iddoo tokkoo jiran gara kutaa magaalaatti gad-buusuun xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru. Naannichatti hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru rakkoolee kenna tajaajilaa waliin walqabatan hojiiwwan misoomaa biroo waliin xiyyeeffannoo wal qixa kennuun hojjecha jiraachuu hubachiisaniiru.
Hojiirra oolmaan tarsiimoo dijiitaalaa Itiyoophiyaa misooma damichaarratti sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu kan taasisu ta’a
Jan 14, 2026 69
Amajjii 6/2018(ENA)- Hojiirra oolmaan tarsiimoo dijiitaalaa Itiyoophiyaa misooma damichaarratti sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu kan taasisu ta’uu hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Aarbaa Minci ibsan. Milkaa’ina Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessatti argame akka fakkeenyaatti fudhachuun misooma damichaa milkaa’inaan xumuruuf karoorri tarsiimoo waggoota shan itti aanan ifoomuun isaa ni beekama. Karoorri Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 humna ibsaa fi tajaajila intarneetii bal’isuudhaan dandeettii ida’amuutiin milkeessuuf qophii gochuun hojiitti galameera. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi waliin gahinsa barnootaaf shoora olaanaa qaba. Addunyaa ammaayyaa keessatti karaa kamiinuu dorgomaa ta’uuf hundaa ol mootummaan misooma teekinooloojii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Aarbaa Minci ENA waliin turtii taasisaniin, hojiirra oolmaan tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa biyyattii addunyaa waliin akka dorgomtu ishee taasisa jedhan. Yunivarsiitichatti diinii Faakaltii Kompiitingii fi Sooftiweeri Injinariingii kan ta’an gargaaraa piroofeesaraa Geetaahuun Tigistuu, hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 guddina damichaaf bu’uura gaarii kaa’uu yaadachiisaniiru. Milkaa’ina kana bu’uura godhachuun Karoorri Tarsiimoo bara 2030 ifatti eegaluun Itiyoophiyaan tajaajila dijitaalaatiin akka addunyaatti dorgomtuu akka taatuuf ishee gargaara jedhan. Yunivarsiitichuma keessatti barsiisaa fi qorataan kompiitaraa, sooftiweerii fi Daarektara kutaa barnoota Dijitaalaa doktar Mahaammad Abbabaa akka jedhanitti, sirni dinagdee dhalootaan Itiyoophiyaa teeknooloojii deeggaruun dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera. Xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen, lammiileen leenjii Itiyoo koodarsiidhaan beekumsa teeknooloojii ammayyaa akka horatanii fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta’aniif hojjechaa akka jiru eeruun, sirni dijitaalaa lammiileen waraqaa eenyummaa dijitaalaa argatanii hojimaanni isaanii akka mijatuuf haala mijataa uumeera jedhan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Itiyoophiyaan damee kanarratti biyyoota guddatan waliin akka dorgomtu kan taasisuu fi wiirtuu teeknooloojii ta’uu akka dandeessu ishee taasisa jedhan. Keessumaa immoo humna ibsaa fi neetiwoorkii irratti xiyyeeffatamuun isaa lammiileen carraa walqixaa akka fayyadamaniif haal mijeessa jedhan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Mudde 11 bara 2018 ifatti eegalsiisuun isaanii kan yaadatamudha. Tarsiimoon kun galmoota qaqqabummaa babal’isuu, carraa walqixaa mijeessuu, dhaabbilee fi ummata gidduutti amantaa uumuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu wayita sana ibsaniiru
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Lakkoofsa Gabatee konkolaataa Teekinooloojii Ammayyaa qaban hojiirra oolchuufi
Jan 13, 2026 129
Amajjii 5/2018(ENA)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa lakkoofsa gabatee konkolaataa amma itti fayyadamaa jiru, Gabatee teekinoolojii ammayyaa qabateen jijjiiruuf ta’uu Ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraaliin Dammallash Gabramikaa’el beeksisan. Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa raawwii karoora baatii 6 bara baajataa 2018 gamaggama gaggeesseera. Ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraaliin Dammallash Gabramikaa’el akka dubbatanitti, lakkoofsa gabatee poolisiin amma itti fayyadamaa jiru akka jirutti jijiiruun lakkoofsa gabatee haaraa fi ammayaa’aa yeroo dhihoottu hojiirra oolchuuf qophii xumuruu dubbataniiru. Kunis dhaabbatichi yakka ittisuu fi hojii qorannoo kara ammayyaa’aan gaggeessuuf hojiiwwan riifoormii gaggeessaa ture keessaa tokko ta’uu dubbataniiru. Gabateen haaraan furtuuwwan teekinooloojii Ammayyaa’aa kan qabu yoo ta’u Poolisii Federalaa Itiyoophiyaa qofa kan bakka bu’u gahumsa ogummaa dhaabbatichaa akkasumas sadarkaa naamusaa qabu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.
Bayyanachuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 murteessaadha
Jan 13, 2026 70
Amajji 5/2018(ENA) - Bayyanachuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 murteessaa ta’uu hayyoonni damichaa ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 yeroo ifatti jalqabsiisan ibsa kennaniin, Dijitaalli Itiyoophiyaa odeeffannoo haqa qabeessa, amanamaa fi sirrii ta’e argachuuf akka gargaaru ibsuun isaanii ni yaadatama. Dhimma kana irratti ENAn itti aanaan pirezidaantii dhimma barnootaa Yunivarsiitii Asoosaa fi hayyuun damee kanaa doktar Malkaamuu Dheeressaa waliin turtii taasiseen, xiyyeeffannaan mootummaan misooma dijitaalaaf kenne haala qabatamaa addunyaa yeroo ammaa jiru hubannoo keessa galchuun ta’uu ibsan. Teeknooloojiin dijitaalaa dorgommii addunyaa waan ta’eef damee kanarratti xiyyeeffachuun ciminaan hojjechuu ala filannoon biraa hin jiru jedhan. Haaluma kanaan raawwiin waggoota shanan darbanii fi kallattii gara fuulduraatti fudhatamuun dorgomtummaa Itiyoophiyaa karaa hedduun akka guddisu dubbataniiru. Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 guddina damichaaf bu’uura gaarii kan kaa’e ta’uu hubachiisuudhaan, tarsiimoon itti aanu bu’aa guddaa kan fidu ta’uu ibsaniiru. Gara fuula duraatti hubannoo namtolchee fi teeknooloojii adda addaa birootti fayyadamuu fi dorgomuun guddinaa fi misooma biyyaatiif hojjechuun hunda keenyarraa eeggama jedhaniiru. Sirna daldalaa dabalatee tajaajiloota biroo dijiitaala gochuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, tajaajilawiirtuu tokkoo (Masoob) babal’isuu, eenyummeessaa biyyoolessaa (Faayidaa) lammiilee hundaaf dhaqqabamaa taasisuu fi daldala dijitaalaa cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 kan murteessu carraaqqii fi tumsa hunda ta’uu eeruun, keessumaa tajaajila elektirikaa Itiyoophiyaa fi intarneetii babal’isuun dhimmoota ijoo dha jedhan.
Ispoortii
Tapha Xumura Walakkaa Waancaa Kaaraabaa’oon Arsenaal Cheelsii injifate
Jan 15, 2026 37
Amajjii 7/2018(ENA)- Sagantaa Tapha Xumura Walakkaa Waancaa Kaaraabaa’oon Arsenaal Cheelsii 3 fi 2n mo’ateera. Tapha galgala Istaadiyeemii Istaamfoordi Biriijitti gaggeeffameen Beenwaayit, Viiktorii Yookoreeshii fi Martiin Zubimeendi galchii injifannoo lakkoofsisaniiru. Alihandiroo Garnaachee galchii Cheelsii lakkoofsiseera. Taphichaan Arsenaal carraa galchii dabalataa lakkoofsisuu argatee itti hin fayyadamne. Leenjisaa haaraan Cheelsii Liyaam Rosinaayer tapha jalqabaan mo’ameera. Taphataan sarara Fuulduraa Arsenaal Viiktor Yookoreesh taphataa cimaa ta’ee filatameera. Taphni deebii kilaboota lamaanii Amajjii 26 bara 2018 gaggeeffama. Tapha Xumura Walakkaa Waancaa Kaaraabaa’oo Kaleessa gaggeeffame biroon Maanchistar Siitiin Niwuukaastil Yuunaayitidiin 2 fi 0n injifateera. Taphni deebii Amajjii 27 bara 2018 gaggeeffama.
Dursaan liigichaa Arsenaal Liivarpuul waliin Qixa bahe
Jan 9, 2026 347
Amajjii 1/2018 (ENA) -Piriimar liigii Ingilizi sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphatanii galchii malee qixaan adda bahaniiru. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffameen tapha walakkaa jalqabaatiin Arsenaal, walakkaa 2ffaatiin Liivarpuul caalmaa fudhachuun tapahataniiru. Arsenaal carraa goolii baay’ee uumus ijnifachuu hin dandeenye. Taphataa sarara duraa miidhaan kan dhabe Liivarpuul taphicharratti dhiibbaa uumeera. Akkaataa qabxii kanaatiin Arsenaal qabxiisaa gara 49tti yoo guddisu garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban qabxii 6n itti fufeera. Liivarpuul qabxii 35niin sadarkaa 4ffaa qabateera. Tapha Liigichaa lamaan Liivarpuul arsenal galchii akka hingalchine gochuu danda’eera. Kilaboonni lameen tapha marsaa lammataa taassisaaniin Liiverpuul 1 fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama.
Piriimar Liigii Ingilizitti Taphni Arsenaalii fi Riivarpuul gaggeessan hawwiin eegama
Jan 8, 2026 245
Mudde30/2018(ENA)– Piriimar liigii Ingiliz sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphi har’a gaggeessan hawwiin ni eeggama. Taphni kilaboota lamaanii galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Eemmiretisitti gaggeeffama. Arsenaal Dorgommii bara Kanaan taphoota20 gaggeesseen yeroo15 yoo injifatu 2n injifatamee 3n qixaan adda baheera. Arsenaaltaphichaan galchii40 yoolakkoofsisu galchii14 keessummeessee, qabxii 48n sadarkaa 1ffaa qabateera. Morkataansaa Liivarpuul liigichatti tapha20gaggeesseen yeroo10 yoo injifatu yeroo6 mo’ameera afuriin qabxii dhabeera. Taphichaan galchii 32 yoo lakkoofsisu galchii 28 keessummeesseera. Injifataan ligichaa Liivarpuul qabxii 34n sadarkaa 4ffaa qabateera. Arsenaalii fi Liivarpuul Dorgommiiwwan hundaan hanga ammaatti yeroo245n walitti dhufaniiru. Liivarpuul yeroo 96 mo’uun dursummaasaa yoo qabatu Arsenaal gamasaan yeroo 83 yoo injifatu yeroo 66 qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 67 walitti dhufanii liivarpuul yeroo 26 yoo injifatu Arsenaal yeroo 18 injifateera. Taphoota hafan 23n Qixaan adda bahaniiru. Taphasaanii waliinii 5n darbaniin lamaan isaanii haala walfakkaatuun yeroo tokko yoo injifatan taphoota hafan 3n qixaan adda bahaniiru. Gareewwan lamaanSagantaa liigichaa bara Kanaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Liivarpuul 1fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama. Arsenaal yoo injifate hordofaasaa Maanchistar Siitii waliin garaagarummaa qabxii qabu gara 8 ol guddisa. Taphicha Antoonii Teeyiler Tapha gareewwan lamaanii Hawwiin eegamu Abbaaseerummaan gaggeessu.
Taphni Manchister Siitii fi Cheelsii har'a taphatan ni eegama.
Jan 4, 2026 368
Mudde 26/2018(ENA): Piriimeer Liigii Ingilizii torbee 20 oolmaa guyyaa 2ffaa taphoonni jaha ni taphatamu. Halkan sa'aatii 2:30tti Manchister Siitiin Cheelsii waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphata. Manchister Siitiin qabxii 41n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu, Cheelsiin immoo qabxii 30n sadarkaa 5ffaa qabateera. Kilaboonni lamaan kuni tapha Piriimar Liigiin waliin taphachuun isaanii kuni yeroo 57ffaafi dha. Taphoota kanaan dura taphatan 56n Cheelsiin yeroo 27 yoo injifatu,Manchister Siitiin yeroo 20 mo'atee taphoota 9 immoo qixa bahaniiru. Taphoota Liigii shan taphataniin Manchistar Siitiin yeroo sadii yoo injifatu taphoota lama immoo qabxii qooddataniiru. Leenjisaa Inzoo Maareeskaa irraa kan gargar bahe Cheelsiin taphoota Liigichaa sadii injifachuu hin dandeenye. Manchister Siitiin kan moo'atu yoo ta'e,dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garagarummaa qabxii qabu gara afuriitti gadi kan buufatu ta'a. Cheelsiin kan injifatu yoo ta'e immoo gara daandii injifannootti deebi'a. Taphicha gaheessi umurii 40 Maaykil Olivar abbaa murtii olaanaa ta'uun gaggeessu. Taphoota birootiin ammoo Liidsi Yunaayitid guyyaa sa'aatii 9:30tti Maanchistar Yunaayitid waliin yoo taphatu, Fuulhaam ammoo galgala sa'aatii 12tti Liivarpuul waliin ni taphata. Totenihaam Hotisparsi Sanderland waliin, Everton Birentifordi waliin, Niwuukaastil United ammoo Kiristaal Paalaas waliin galgala sa'aatii 12tti taphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera
Jan 15, 2026 24
Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse. Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera. Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera. Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru. Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru. Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru. Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera. Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru. Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.
Misooma Sululaa Qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya umamaa galmoota Misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jira
Jan 13, 2026 84
Amajjii 5/2018(ENA)-Nannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya uumamaa hojjetamaa jiru galmoota misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse. Naannoo Oromiyaatti bara kana hojii misoomaa suluulaa baatiiwwan lamaan itti aananitti hojjetaman sadarkaa Naannootti Godina Buunnoo Beddelleetti Aanaa Dabboo Haannaatti eegalameera. Sagantaa jalqabiisaararatti kan argaman Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu hojiin misoomaa sululaa bara kanaa suluulawwan kuma 6 fi 300 irratti hojjetama jedhaniiru. Hojii misooma sululaa Qindaa’aa bara darbe hojjetameen uwwisni bosona naannichaa dabaluurratti akka argamu kaasaniiru. Hojiin misooma sululaa milkaa’ina inisheetivoota gama Qonnaan bocamanii hojetamaa jiraniif qooda olaanaa qabaachuusaa dubbataniiru. Walii gala hojiin misooma sululaa Qindaa’aan fi eegumsa qabeenyaa nannichatti hojjetamaa jiran galma misoomaa fi guddinaa milkeessuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Bara kana naannicha bakkeewwan hundatti hojiin misooma sululaa Qindaa’aan hirmaannaa hawaasaa cimaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru. Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu gamasaaniin, hojiin eegumsa Bishaanii fi biyyee Godinichatti eegalame suluulawwan 222 irraatti kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Godinichatti sababa jijjiirama haala Qilleensaa fi Asiidummaa biyyeen omishtummaa hir’atu ittisuuf hojiiwwan misooma sululaan hojjetaman cimanii akka itti fufan dubbataniiru. Lafti Hojiin misooma sululaa yeroo bonaa irratti hojjetamu yeroo gannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan adda addaa dhaabuun haaldureen hojii kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru. Kanaafis biqiltuuwwan tajaajila adda addaa kennan miiliyoona 200 ol ta’an Godinichatti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Hojii misooma sululaan qonnaan bultoonni miidhaa Qabeenya bishaanii fi Biyyeerra gahu ittisuun fayyadamummaasaanii kan mirkaneessuu waan ta’eef hirmaannasaanii bara kanaa kan cimsan ta’uu dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu kuma 32 keessatti Biqiltuun qopheeffamaa jira
Jan 12, 2026 121
Amajjii 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu itti biqilu kuma 32tti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan dhaabbatan qophaa’aa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse. Biiroo Qonnaa Naannichaatti Daarektarri Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaa Obbo Katamaa Abdiisaa ENA’f akka ibsanitti naannichatti sagantaa Ashaara magarisaa fi misooma qabeenya uumamaan raawwatameen omishtummaaf akkasumas eegumsa Naannoof qooda olaanaa gumaachaa jira. Sagantaa Ashaara Magariisaan lafti miidhamanii fi manca’an akka bayyanatan, haroowwan goganii fi lageen akka misooman taassisuu ibsaniiru. Baatiiwwan bonaa qabaman buufatalee biqiltuu kuma 32tti biqiltuuwan Diinagdeef, Soorataaf,Uwwisa bosonaaf fi miidhaginaaf oolan qopheessuun hojjetamaa jirachuu dubbataniiru. Buufataalee Biqiltuuwwan biqilchan cinaatti Qonnaan bultoonni Naannichaas qophii Biqiltuu keesaatti hirmmaachaa jiraachuu dubbataniiru. Naannichatti sagantaa Ashaaraa magariisaa Gannaaf Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa muduraalee, Bosonaaf, Misooma biyyee fi Miidhaginaaf kan oolan dhibbentaa 60 kan haguugan yoo ta’u, kan hafe dhibbentaa 40 uwwisa bosonaaf kan oolan ta’uu ibsaniiru. Ganna darbe biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa lakkoofsa marsaa jalqabaa gaggeeffameen dhibbentaa 90 ol qabachuusaa eeraniiru.
Qabeenya uumamaa eeguun dhaloota dhufuuf dabarsuun Itti gaafatamummaa dhaloota ammaati
Jan 12, 2026 96
Amajjii 4/2018(ENA)- Qabeenya Uumamaa eeguun, kunuunsuu fi sirnaan itti fayyadamuun biyya misoomte dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta’uu Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa beeksise. Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa hojii misooma kunuunsa qabeenya uumamaa bara kana gaggeeffamu ilaalchisuun miidiyaaleef hara’a ibsa kenneera. Itti Gaaftamaan Biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu wayita sana akka jedhanitti, naannichatti bara kana suluulawwan kuma 6 fi 386 lafa hektara miiliyoona 3 tuqaa 2 hojiin misooma qabeenya uumamaa ni hojjetama jedhaniiru. Mata duree “misoomni, kunuunsii fi eegumsi naannoo, bayyanachuu biyyaaf” jedhuun misoomni sululaa bara kanaa Amajjii 5 bara 2018 eegalee guyyoota itti fufan 60f kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru. Qabeenya uumamaa eeguun, kunuunsuunii fi sirnaan eeguun biyya misoomte dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta’uu ibsaniiru. Milkaa’ina hojii misoomichaaf haal-dureen qophii hojii fi leenjiin ogeessaa gaggeeffamuu ibsaniiru. Naannichatti waggoottan darban hojiiwwan misooma sululaa fi Ashaaraa magariisaa dhaabbii biqiltuun hojjetamaniin hangi bosona naannichaa dabaluu ibsaniiru. Hojiin eegumsaa fi Kunuunsa qabeenya uumamaa bara kanaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti guyyaa boruu hoggantoonni hojii olaanoo Naannoo fi Hawaasni bakka argamanitti Godina Buunnoo Beddelleetti eegala.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1725
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9993
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.