ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti Misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuuf Inisheetivonni bocaman bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise
Mar 9, 2026 63
Guraandhala 30/2018(ENA):-Naannoo Oromiyaatti Misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuuf Inisheetivonni bocaman bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Guddina damee Qonnaa saffisiisuuf hojiiwwan qorannoo haaraan gaggeeffamaa jiru. Bifa haaraan ilaalamanii paakeejiiwwan Misoomni Aannanii, Lukkuu, Qurxummii fi nyaanni beelladaa hojiin eegalamerratti, leenjiin hubannaa hoggantootaa fi ogeeyyii sadarkaa sadarkaan jiraniif qophaa’e Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu wayita sana akka ibsanitti, Qonna Ceesisuuf Inisheetivota bocaman keessaa misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuun isa tokko. Inishetiivota oomishtummaa qabeenya beelladaa guddisuu fi damicha ammayyeessuuf hojiirra oolaa jiraniin, bu’aawwan qabatamaa fi jijjiiramoonni galmaa’aa jiru jedhaniiru. Kanaanis birmadummaa nyaataa mirkaneesuuf, nyaataa fi sirna nyaataa idileessuuf tattaaffiiwwan taassifaman keessatti, bu’aawwan galma kana milkeessan argamaa akka jiran ibsaniiru. Hojiiwwan fooyya’iinsa sanyii beelladootaarratti hojjetaman, keessattuu mala diqaalomsuun (artificial insemination) fayyadamuun misooma qabeenya aannanii guddisuu bira darbee, jabbilee fi raadotni fooyya’an akka dhalatan taasisuu ibsaniiru. Waggaa waggaatti sa’a Aannanii Miliyoona 2 tuqaa 5 ol diqaalomsuun danda’amuu kaasaniiru. Dabalataanis Misooma Lukkuun, Qurxummii fi dammaan bu’aan argamuu ibsaniiru. Inishetiivii misooma dammaa milkeessuuf, waggaa waggaatti gaagura dammaa ammayyaa miliyoona 1 tuqaa 5 raabsamaa akka jiru eeraniiru. Oomishni dammaa gaagura ammayyaatiin akka gaggeeffamu taasifamuunsaa, oomisha gaagura aadaa irraa argamaa ture Kg. 10 hin caallerraa, giddu-galeessaan gara Kg. 25tti guddisuun danda'amuu dubbataniiru. Biirichatti, Itti Gaafatamaa Damee Misooma Qabeenya Beelladaa Obbo Toleeraa Dabalaa qabeenya beelladaa ammayyeessuuf hojii hojjetamaniin bu’aawwani fi Muuxannoowwan argaman cimsuun itti fufsiisuuf Qonna ceesisuuf galma qabame ta’uusaa waltajjicharratti ibsaniiru. Dabalataanis misooma sa’a Aannanii, lukkuu, Qurxummii, Dammaa fi misooma nyaata beelladaa dabalatee paakeejiiwwan bifa haaraan hojiirra oolan ja’arratti hubannoo kennuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi Piroojektii daandii Ayyar Xeenaa-Kaarraa,Walattee fi Atoobis Taraa – Marfata 18 haala saffisaa ta’een hojjetamaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 9, 2026 51
Guraandhala 30/2018(ENA): Pirojektoonni Ijaarsa daandii Ayyar Xeena-Kaarraa,Walattee fi Awutoobis Taraa – Marfata 18 Massaalamaa haala saffisa qabuun hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee haala hojii pirojektoota ijaarsa Daandii Ayyar Xeenaa - Kaarraa Walattee fi Atoobis Taraa - Masaalamiyaa –Marfata 18 daawwataniiru. Piroojektiin ijaarsa daandii Ayyar Xeenaa- Kaarraa Walattee ji’oota muraasa dhufan keessatti guutummaatti xumuramee tajaajila ummataaf banaa akka ta’u ibsaniiru. Dabalataanis piroojektiin Daandiin Atoobis taraa -Massaalamiyaa –Marfata 18 baatii Muddee dhufu xumuramee tajaajilaaf akka gahu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Kantiibaa Adaanechi yeroo daawwannaa isaanii akka ibsanitti, ijaarsi dandii Atoobis Taraa – Massaalamiyaa- Marfata 18 sababa gufuuwwan garaa garaatiin yeroo dheeraaf harkifatee kan ture ta'us, yeroo ammaa kana garuu haala qindoomina qabuu fi ariifataadhaan raawwatamaa jira jedhaniiru. Piroojektichi dheerina Kilomeetira 3.3 kan qabu yoo ta’uu, karaa bal'ina sarara 6 qabu ta'uu isaa dubbataniiru. Pirojektichi karaa lafa jalaa (underpass) ammayyaa kan dabalatu yoo ta'u, bu'uraaleen misoomaa humna ibsaa fi bishaanii hundi haala qindoomina qabuun guutamaniiru jedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Kantiibaan kun haala hojii piroojektii ijaarsa daandii Ayyar Xeenaa - Kaarraa Walattee daawwataniiru. Haaluma kanaan Piroojektichi raawwii fooyya'aa irra akka jiru mirkaneeffachuusaanii dubbataniiru. Piroojektiin kun dheerina kiiloomeetira 5.6 kan qabu yoo ta’u, bal’innisaa meetira 40 dha. Kunis dhiphina daandii tiraafikaa akka salphisu himaniiru. Ijaarsi piroojektoota daandii kunneenii yeroo xumuramu, dhiphina daandii tiraafikaa naannichatti mul’atu sadarkaa olaanaan akka hir’isuu fi sochii daldala magaalattii saffisiisuuf gumaacha guddaa akka qabaatu eeggama jedhani.
Koriidara modeelaa ganda baadiyyaa meeshaalee naannoorraa argamaniin hojjetaman- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Mar 9, 2026 73
Guraandhala 30/2018(ENA) : Naannoo Hararii aanaa Soofii ganda Burqaa keessatti koriidara ganda modeela Baadiyyaa hirmaannaa hawaasaatiin meeshaalee naannootti argamu irraa kan hojjetame dha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Pirojektiin koriidara baadiyyaa, kan jiraattonni naannoo dammaqinaan irratti hirmaatan, mala ijaarsa aadaa, karoora qindaa'aa fi bu'aa qabatamaa kan agarsiise dha jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Ijaarsa buufata sarara raabsa humna ibsaa magaalota Finfinnee fi Shaggariif haaromsi taasifamaafii jira
Mar 9, 2026 60
Guraandhala 30/2018 (ENA): Magaalota Finfinnee fi Shaggar keessatti dhiyeessii humna ibsaa amanamaa ta’e mirkaneessuuf piroojektiin sarara raabsaa haromsamu ijaaruu fi dandeettii babal’isuu marsaa 4ffaa gaggeeffamaa jira. Hojii gaggeessaan Komunikeeshinii Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Anwaar Abraar ENAtti akka himanitti hojiin kun birrii biiliyoona 4.3’n hojjetamaa jira jedhani. Haaluma kanaan hojiin kun deebisanii ijaaruu fi dandeettii babal’isuu neetworkii raabsaa kiiloo meetira 703 kan hammate ta’uu akeekaniiru. Kana malees, tiraansifoormaroota haaraa dandeettii adda addaa qaban 2,000 akka dhaabuu fi tiraansifoormaroota amma turan 2,000 humna isaanii fooyyessuun akka hojjetamu eeraniiru. Piroojektichi sarara dabarsoo 56 buufata raabsaa humnaa haaromsuu fi fooyyessuu, akkasumas fayyadama humnaa eeyyamame caalu to’achuuf bireekii swiichoota loodii (humna) ittisuu danda’u 62 dhaabuu kan of keessatti hammate ta’a jedhameera. Raawwiin fiizikaalaa waliigalaa piroojektichaa dhibbeentaa 36.74 akka ga’e kan eeran yoo ta’u, dhaabbii utubaawwan konkiriitii kuma 2 fi 857 xumuramuu ibsaniiru. Hojiin kun yeroo xumuramu sarara dabarsoo humnaa giddu galeessaa kiiloo meetira 100 dheeratu Finfinnee fi magaalaa Shaggar keessatti irra deddeebiin ciccituu humna ibsaa waggaatti dhibbeentaa 27’n akka hir’isu himaniiru. Gubannaa tiraansifoormaraa gara dhibbeentaa 2tti akka hir’isus akeekaniiru.
Dhaabbileen barnoota olaanoo itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii bahachuu fi bu'aa hiika qabu galmeessisuuf waliin hojjechuu qabu - Ministira Piroofeesar Biraanuu Naggaa
Mar 9, 2026 60
Guraandhala 30/2018 (ENA): Dhaabbileen barnoota olaanoo itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii bahachuu fi bu’aa hiika qabu galmeessisuuf waliin hojjechuu qabu jedhan Ministirri Barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaan. Ministeerri Barnootaa gamaaggama raawwii hojii walakkeessa waggaa dhaabbilee barnoota olaanoo bara 2018 hojiiwwan ijoo Finfinneetti guyyoota lamaaf kan turu gaggeessaa jira. Waltajjicharratti Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Humna Namaa, bobbii Hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Dr. Nagarii Leencoo Ministira Barnootaa piroofeesar Biraanuu Ngggaa, pireezdaantonni yunivarsiitii fi hoggantoonni olaanoo biroo argamaniiru. Ministirri Ministeera Barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo gaggeessuu fi lammiilee gahumsa qaban oomishuuf gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. Dhaabbileen kunneen haala addunyaa amma jiru keessatti dorgomaa akka ta’an xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hoggansa irraa kaasee hanga humna hojjetaa sadarkaa gadiitti qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan himan Ministirri kun, dhaabbileen kunneen guddina biyyaatiif gumaacha qaban daran akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru. Deetaan Ministeera Barnootaa Koraa Xushanee gama isaaniitiin dhaabbileen kunneen aadaa hojii fi itti fayyadama teeknooloojii irratti guddina agarsiisuu isaanii eeraniir. Hojiin qorannoo yunivarsiitiiwwan fooyya’aa ta’uu bira darbee qaqqabummaa barnootaa fi hammatamummaa mirkaneessuun qulqullina qorannoo irrattis xiyyeeffannaan ni hojjetama jedhan. Madaalliin kun bu’uura waliigaltee Ministeericha waliin taasisaniin hojiiwwan dhaabbileen gaggeessanii fi rakkoolee isaan mudatan gadi fageenyaan adda baasuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.
Siyaasa
Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa dabarsani kennuuf socho'an siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban - Doktar Ballaxaa Mollaa
Mar 8, 2026 255
Guraandhala 29/2018 (ENA): Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa diinota seenaa biyyattiitti dabarsanii kennuuf hojjetan siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban jedhan dura taa'aan Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) Doktar Ballaxaa Mollaa. Galaanni Diimaan gabeenya uumamaa keenya eeyyamaa fi hirmaannaa Ummata Itiyophiyaan ala shira Siyaasaan dhabneedha kan jedhan Doktar Ballaxaan, karaa bu'uura seeraa tokkollee hin qabneen akka dhabnu ta'uun shira cimaa Itiyophiyaanota hunda irratti raawwatame ta'uu dubbataniiru. Qabeenya seena qabeessa kana dhabuun dhaloota ammaa biratti miira gaabbii kan uumuu ta’uu eeruun, gaaffiin abbaa qabeenyummaa Ulaa Galaanaa mirga uumamaa, Seeraa fi teessuma lafaa bu'uureffate ta'uus hubachiisaniiru. Mootummaan gaaffii ummataa kana deebisuu fi bu'aa tarsiimawaa Itiyoophiyaa kabajchiisuuf karaa dippiloomaasummaan daandii dheeraa imaluu himaniiru. Gaaffichi ajandaa biyyaalessaa ta'uus paartiin isaanii akka deeggaru mirkaneessaniiru. Haalli mijataan mirga uloaa Galaanaa argachuu biyyattiin Seenaa fi uumamaan qabdu irra deebiin mirkaneessu uumamuu akka qabus eeranii, paartiin isaanii gaaffii haqaqabeessa kana galmaan ga'uuf kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaan laga Abbayyaa madda humna elektirikaa akka ta'uuf hidhuun fayyadamummaa ishee qormaatilee hedduu keessatti milkaneessuu eeranii, gaaffii ulaa galaanaa irrattis waloon hojjechuun akka barbaachisu dubbatani. Seenaa keessatti diinonni biyyattii carraaqqiiwwan misoomaa ishee akka gufataniif halkanii guyyaa akka hojjetan himanii, Itiyoophiaanonni garuu diina waloo isaanii dhimma ittiin ofirraa qolatanii dha jedhan. Wayita ammaa kanatti dhimmoota faayidaa bayyaalessaa caalaa ajandaan biraa xiyyeeffannaa argachuu qabu akka hin jirre himaniiru.
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kan nu danddeessisu Kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee keenya kennuuf qophoofneerra- Jiraattota
Mar 8, 2026 207
Guraandhala 29/2018 (ENA): Jiraattonni Godina Boorana Bahaa magaalaa Nagallee Booranaa, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf isaan dandeessisu kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee kennuudhaaf qophaa’aa akka jiran himani. Galmeen filattotaa tokkoon tokkoon buufata filannootti Guraandhala 28/ 2018 akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’etti eegaluun isaa ni yaadatama. Haaluma sagantaa kanaatiin ENA’n jiraattota buufata filannoo magaalaa Nagallee Booraanaatti kaardii galmee filattootaa fudhachaa turan dubbiseera. Jiraattota magaalattii keessaa obbo Gurraachaa Jaataniin filannoo waliigalaa ji’a Caamsaa keessa gaggeeffamu irratti hirmaachuuf dursanii qophii ta’uu himan. Kanaafis kaardii galmee filattoataa fudhachuun paartii guddinaa fi misooma biyyaatiif ni hojjeta jedhanii amananiif sagalee keenya ni laatna jedhaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filattootaa fudhachuuf kan dhufan jiraataan Ganda Gobichaa kan ta’an obbo Turaa Liiban mirga lammummaakootti fayyadameen hiree biyya keenyaa kan murteessu sagaleekoo kennuuf kaardii filattootaa fudhadheera jedhani. Jiraataan magaalattii kan biraa dargaggoo Maammush Fayisaa kaardii filattootaa kan fudhate paartii biyyaaf ta’a jedheen amane filachuuf qophaaheera jedheera. Qindeessaan filannoo Nagallee obbo Abbaynaa Warquu akka ibsanitti, galmeen filattotaa buufata filannoo Godinichaa hundattii fi magaalaa Nagallee Booranaa keessatti karaa nagaa gaggeeffamaa jira jedhani. Akkasumas qindeessitoonni filannoo 167 adeemsa galmee filattotaa itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiranii fi gaggeessitoonni filannoo 668 galmee kanas raawwachaa akka jiran beeksisaniiru.
Ummanni Tigraay fayyadamummaa nageenyaa fi misooma itti fufiinsa qabuuf tumsa isaa cimsee itti fufuu qaba – Hayyoota
Mar 8, 2026 150
Guraandhala 29/2018 (ENA): Ummanni naannoo Tigraay nagaa fi misooma itti fufiinsa qabuuf tumsa cimsu akka itti fufuu qabu hayyoonni Yuunivarsiitii ibsaniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad turtii ENA Afaan Tigree waliin taasisaniin akka ibsanitti, misooma hunda galeessaa fi nageenya sadarkaa biyyaatti galmaa’aa jiru irraa ummanni Tigraay fayyadamoo ta’uu akka qabu eeruun isaanii ni yaadatama. Mootummaan misooma hunda galeessa fi fayyadamummaa ummata naannichaaf kutannoon hojjechaa akka jiru ibsuun gareen ABUT waraana biraatiif hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ibsa Ministira Muummee ilaalchisee, Yunivarsiitii Boongaatti barsiisaan kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Gargaaraa Piroofeesaraa Yaareed Ayyaaloo ENA waliin turtii taasisaniin, gareen ABUT ilaalcha siyaasaa yeroo waliin hin deemne qabatee waraanaaf dargaggoota qopheessuun sirrii akka hin taane hubachiisani. Kunis naannoon Tigraay fi ummanni ishee jijjiirama irraa akka hin fayyadamne gufuu ta’uu eeraniiru. Ibsi Ministeera Muummee ejjennoo cimaa mootummaan ummanni Tigraay nagaa fi misooma irraa fayyadamoo ta’uu qaba jedhu ta’uu ibsuun, gareen ABUT faallaa kanaa ta’ee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf, keessumattuu ummanni naannichaa kaka’umsa guddaa fudhachuun yaada garee ABUT yeroon isaa darbe jijjiiruuf socho’uu akka qabu hubachiisaniiru. Gareen ABUT ummata Tigraay keessattuu dargaggoonni jijjiirama akka biyyaatti dhufe irraa akka hin fayyadamne gochuun miidhaa hamaaf isaan saaxilaa jira jedhani. Doktar Yaareed akka himanitti, ibsi Ministirr Muummee kennan kan agarsiisu mootummaan ummanni Tigraay gara nagaatti deebi’ee misooma irraa fayyadamoo akka ta’uuf fedhii cimaa akka qabu kan agarsiisu ta’uu jedhani. Kanaaf ummanni Tigraay tattaaffii mootummaa deeggaruun jijjiiramaaf hojjechuutu irraa eegama. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaada ijoo ummata Tigray ni fayyada jedhanii eeran barbaachisaa waan ta’eef uummanni carraa kanatti fayyadamuu qaba kan jedhani immo Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa fi qorataa kan ta’an Doktar Addisuu Firiinjoo dha. Ilaalchi siyaasaa kamiyyuu yeroo waliin adeemuu kan qabu ta’uu kan eeran hayyuun kuni, gareen ABUT ilaalcha fudhatama hin qabnee fi yeroon isaa irra darbeen deemuun sirrii akka hin taane dubbatani. Dargaggoonni yeroo hunda nagaaf dhaabbachuu akka qabanis dubbataniiru. Ergaa fi ibsi Ministira Muummee kennan haala amma naannoo Tigraay keessa jiru irra darbee sirna siyaasa Itiyoophiyaa kan agarsiise ta’uu Yunivarsiitii Miizaan Teeppiitti barsiisaan saayinsii siyaasaa Bimarriq Barihuun himaniiru. Kunis nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf hiika guddaa qabaachuu eeruun, keessattuu dargaggoonni Tigraay garee ABUT duubatti hafaa waliin jiru dhiisuun filannoo fooyya’aa waliin dhaabbachuu qabu jedhani.
Injifannoon Adwaa kutannoo Itiyoophiyaanonni biyyasaaniif qaban kan murteesse injifannoo idil addunyaati- Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee
Mar 7, 2026 149
Guraandhala 28/2018(ENA)- Injifannoon Adwaa kutannoo Itiyoophiyaanonni biyyasaaniif qaban kan agarsiise injifannoo idil addunyaati jedhan Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee. Sagantaan eebba kitaabaa “Adwaan injifannoo Itiyoophiyaanotaa baratti darbuu fi yaadannoo waloo” jedhamu kan qindeessummaa magaalaa Finfinneetiin qophaa’e yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira. Kitaabni kun yaadaanis ta’e qabiyyeedhaan cimaa fi seenaa milkaa’edha jedhan pirezidaantiin FDRI Taayyee Astqasillaasee wayita eebbaa kana. Kitaaba “Adwaan injifannoo Itiyoophiyaanotaa baratti darbuu fi yaadannoo waloo” irratti dubbiin ijoon seenaan qabachuu qabu hammatamuusaa ibsaniiru. Gootota Adwaa seenaan dagate sirriitti yaadachuudhaan carraaqqiin taasise kan dinqisiifamu ta’uu dubbataniiru. Dubbiin ijoo Yaadama kitaabichaa miira Itiyoophiyummaa kan qabsiisu abdii fi hawwii haaraaf kan kakaasu galmee seenaa ta’uusaa kaasaniiru. Kitaabni “Adwaan injifannoo Itiyoophiyaanotaa baratti darbuu fi yaadannoo waloo” bara keessa jirru kan ittiin hojjennuu fi boru immoo kan ittiin hordofnuta’uu himaniiru. Injifannoon Adwaa kutannoo Itiyoophiyaanonni biyyasaaniif qaban kan agarsiise injifannoo idil addunyaati kan jedhan Pirezidaanti Taayyeen, kitaabni kun injifannoon Adwaa Itiyoophiyaarra darbee faayidaa idil addunyaatti qabu agarsiiseera jedhan. Kitaabni kun sanada beekumsa babal’isu, hir’uu kan guutu, of sakatta’uuf, of qorachuuf kan kakaasuu fi yaadama sababa qabeessa kan gabbisu ta’uu eeraniiru.
Paartii biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jennu filachuuf kaardii filannoo fudhanneerra
Mar 7, 2026 173
Guraandhala 28/2018 (ENA)- Paartii biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jennu filachuuf kaardii filannoo fudhachaa jirra jedhdhan jiraattonni Samaraa Loogiyaatti kaardii filannoo fudhatan. Akkaataa sagantaa boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin har’a Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee galmeen filattootaa buufataalee filannootti eegalameera. Riippoortarri ENA buufataalee filannoo Samaraa Loogiyaa irraa jiraattota kaardii filannoo osoo fudhatanii arge dubbiseera. Jirattonni yaada kennan paartii biyyaa fi ummata fayyada jennu filachuuf kaardii filannoo fudhachaa jirra jedhaniiru. Adeemsa filannoo Kanaan mirga demokiraasii fayyadamuun kan danda’amu kaardii filannoo fudhachuun ta’uu kaasanii, kanaaf ammoo yeroo osoo hin fudhatiin guyyaa jalqabaa fudhanneerra jedhan. Jiraattota magaalichaa buufataalee filannootti dubbifne keessaa Afki’ee Alii, Mahaammad Yaayyee fi dargaggoo Habiib Mahaammad paartii biyya gaggeessuu fi ummata fayyadu filachuuf kaardii fudhanneerra, ittis gammanneerra jedhaniiru. Boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa waajjira qindeessaa bordii filannoo naannoo Affaaritti hogganaan kutaa filannoo Dubtii Ibraahim Abdallaa, kutaa filannoo kanatti buufataaleen filannoo 124 qophaa’anii keessummeessuu eegalaniiru jedhaniiru. Walumaa gala buufataalee filannoo kana keessatti filannoo kan raawwachiisan 496 filattoota keessummeessuuf har’aa eegalee qophii ga’aarra jiraachuu mirkaneessaniiru.
Naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraatti filattoonni kaardii filannoo fudhachuu eegalaniiru
Mar 7, 2026 197
Guraandhala 28/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraatti buufataalee filannootti argamuun kaardii filannoo fudhachuu eegalaniiru Akkaataa sagantaa filannoo walii galaa toorbaffaa boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin galmeen filattootaa har’a Guraandhala 28 bara 2018 eegaleera. Akkaataa Kanaan naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraa galmeen filattootaa itti eegalame keessaa godinni Harargee Lixaa Ciroo, Boorana Bahaa magaalaan Nagallee, Wallaggi bahaa magaalaan Naqamtee ni eeramu. Magaalaa Cirootti jiraataan ganda Burqaa Ciroo Kadir Sayid ENAtti akka himanitti, filannoo kanaan nama guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaan eegalte galmaan gahu filachuuf qophaa’aniiru. Mirga demokiraasii fayyadamuun dorgomaa bakka na bu’a jedhan filachuuf galmaa’uusaanii kan dubbatan ammoo magaalichatti jiraataa ganda Caffee Araaraa Mahaammad Hasani. ''Filannoowwan darban keessaa 4 irratti hirmaadheera” jedhanii filannoon baranaa imala guddina biyyaa si’achiisuuf murteessaa wan ta’eef xiyyeeffannoon hirmaachuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru. Godina Boorana Bahaatti jiraattuun magaalaa Nagallee Booranaa adde Galiilaa Fiqaaduu, buufata filannoo Kahaloo Gaaftirootti argamuun kaardii filannoo fudhataniiru. Filannoo biyyaalessaa Caamsaa dhufu gaggeeffamurratti dorgomaa Paartii walooma, nagaa, misoomaa fi guddina biyyaaf hojjeta jettu filachuuf kaardii fudhachuu dubbatteetti. Hundi kaardii filannoo fudhachuun filannoo biyyaalessaarratti hirmaachuun paartii barbaadu akka filatu gorsiteetti. Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee jiraataan ganda Burqaa Jaatoo obbo Fayyisaa Cimdeessaa, filannoo walii galaa Kanaan mirga demokiraasiitti fayyadamuuf kaardii filannoo fudhachuusaanii dubbataniiru. Kanneen biroos paartii siyaasaa biyyaa fi ummata caalaatti fayyadu filachuu akka danda’an sagantaa bahetti fayyadamuun kaardii akka fudhatan gorsaniiru.
Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophiidha - Jiraattota Godina Iluu Abbaa Booraa
Mar 6, 2026 272
Guraandhala 27/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti dammaqinaan hirmaachuuf kan nu dandeessisu kaardii galmee filattootaa fudhachuuf qophoofneerra jedhani jiraattonni Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoon Caamsaa 24, 2018 dhufu dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf sagantaalee adda addaa irratti hojjechaa jira. Qophii taasifamaa jiru keessaa galmeen filattootaa Boru, Guraandhala 28/2018 eegalama. Boordichi dhiheenya kana galmee filannoo dijitaalaa buufataalee filannoo gara kuma 17tti akka dhaqqabamu gochuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera. Jiraattonni Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ENA'tti akka himanitti, filannoo waliigalaa dhufu irratti mirga dimokiraasii keenyatti fayyadamuuf kaardii filannoo argachuuf eeggachaa akka jiran dubbatani Jiraattonni aanaa Mattuu Zimaarguu Jamaal fi Naahawwii Daffaar gama isaaniitiin akka filattotaatti galmaa'uun mirga isaaniitti fayyadamuuf qophii taasisaa jirra jedhani. Filannoon kun ijaarsa naannichaa keessatti sadarkaa murteessaa waan ta’eef dirqama lammummaa itti gaafatamummaan bahachuuf qophii ta’uu kan hime dargaggeessi jiraataa magaalaa Mattuu Fiqaaduu Indaalaa dha. Dargaggoo Fedhasaa Taarraqanyii fi Girmaa Firrisaa gama isaaniitiin akka ibsanitti, Filannoon waliigalaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf akka dargaggootaatti gahee keenya ba’uuf qophiidha jedhani. Ijaarsa naannichaa keessatti gaheen dubartootaa fi dargaggoonni qaban hiika guddaa akka qabu hubachuun kaardii filannoo argachuu fi eenyu akka isaan bakka bu’u filachuuf qophii ta’uu himaniiru. Dhaaba damee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti nu fayyada jennee yaadnu filachuuf qophoofneerra jedhani.
Filannoo walii galaa 7ffaan paartii yaada fooyya’aa qabu filachuuf qophoofneerra-jiraattota
Mar 6, 2026 189
Guraandhala 27/2018(ENA)- Filannoo walii galaa 7ffaa irratti dammaqinaan hirmaachuun paartii guddina biyyaa fi ummattootaaf hojjeta jedhan filachuuf qophaa’uusaanii jiraattonni magaalaa Jijgjigaa ibsan. Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa baranaaf boru Guraandhala 28 bara 2018 irraa kaasee filattoota galmeessuu akka eegalu beeksisuunsaa ni yaadadama. Filannoo walii galaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2028 gaggeeffamuuf sagalee kennuuf kaardii fudhachuuf qophaa’uusaanii jiraattonni magaalaa Jigjigaa yaadasaanii ENA’f kennan ibsaniiru. Paartii siyaasaa biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jedhan filachuuf qophii ta’uu beeksisaniiru. Kanneen yaada kennan keessaa obbo Jamaal Ibraahiim, filannoon wagga shanitti si’a tokko gaggeeffamu lammiileen paartii biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jedhan filachuuf carraa kan mijeessu ta’uu dubbataniiru. Jiraataan biraan Mahaammad Umar gamasaaniin, filannoon walii galaa kun ijaarsa sirna demokiraasii si’oomsuu fi sirna murteessaa guddina biyyaaf gargaaru ta’uu ibsaniiru. Paartii siyaasaa biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf qophii ta’uusaaniis dubbataniiru. Lammiileen filannoof qaqqaban filannoo kanarratti dammaqinaan akka hirmaatan dabalanii dubbataniiru. Filannoon agarsiiftuu ijaarsa sirna demokiraasii biyya tokkooti kan jedhan ammo obbo Farihaan Muhaammad kan jedhamanidha. Kaardii fudhachuudhaan paartii siyaasaa guddina biyyaaf ni hojjeta jedhan filachuun mirga demokiraasiisaaniitti akka fayyadaman dubbataniiru. Filannoo kanarratti hirmaachuuf kaardii fudhachuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.

Hawaasummaa
Koriidara modeelaa ganda baadiyyaa meeshaalee naannoorraa argamaniin hojjetaman- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Mar 9, 2026 73
Guraandhala 30/2018(ENA) : Naannoo Hararii aanaa Soofii ganda Burqaa keessatti koriidara ganda modeela Baadiyyaa hirmaannaa hawaasaatiin meeshaalee naannootti argamu irraa kan hojjetame dha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Pirojektiin koriidara baadiyyaa, kan jiraattonni naannoo dammaqinaan irratti hirmaatan, mala ijaarsa aadaa, karoora qindaa'aa fi bu'aa qabatamaa kan agarsiise dha jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Ijaarsa buufata sarara raabsa humna ibsaa magaalota Finfinnee fi Shaggariif haaromsi taasifamaafii jira
Mar 9, 2026 60
Guraandhala 30/2018 (ENA): Magaalota Finfinnee fi Shaggar keessatti dhiyeessii humna ibsaa amanamaa ta’e mirkaneessuuf piroojektiin sarara raabsaa haromsamu ijaaruu fi dandeettii babal’isuu marsaa 4ffaa gaggeeffamaa jira. Hojii gaggeessaan Komunikeeshinii Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Anwaar Abraar ENAtti akka himanitti hojiin kun birrii biiliyoona 4.3’n hojjetamaa jira jedhani. Haaluma kanaan hojiin kun deebisanii ijaaruu fi dandeettii babal’isuu neetworkii raabsaa kiiloo meetira 703 kan hammate ta’uu akeekaniiru. Kana malees, tiraansifoormaroota haaraa dandeettii adda addaa qaban 2,000 akka dhaabuu fi tiraansifoormaroota amma turan 2,000 humna isaanii fooyyessuun akka hojjetamu eeraniiru. Piroojektichi sarara dabarsoo 56 buufata raabsaa humnaa haaromsuu fi fooyyessuu, akkasumas fayyadama humnaa eeyyamame caalu to’achuuf bireekii swiichoota loodii (humna) ittisuu danda’u 62 dhaabuu kan of keessatti hammate ta’a jedhameera. Raawwiin fiizikaalaa waliigalaa piroojektichaa dhibbeentaa 36.74 akka ga’e kan eeran yoo ta’u, dhaabbii utubaawwan konkiriitii kuma 2 fi 857 xumuramuu ibsaniiru. Hojiin kun yeroo xumuramu sarara dabarsoo humnaa giddu galeessaa kiiloo meetira 100 dheeratu Finfinnee fi magaalaa Shaggar keessatti irra deddeebiin ciccituu humna ibsaa waggaatti dhibbeentaa 27’n akka hir’isu himaniiru. Gubannaa tiraansifoormaraa gara dhibbeentaa 2tti akka hir’isus akeekaniiru.
Dhaabbileen barnoota olaanoo itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii bahachuu fi bu'aa hiika qabu galmeessisuuf waliin hojjechuu qabu - Ministira Piroofeesar Biraanuu Naggaa
Mar 9, 2026 60
Guraandhala 30/2018 (ENA): Dhaabbileen barnoota olaanoo itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii bahachuu fi bu’aa hiika qabu galmeessisuuf waliin hojjechuu qabu jedhan Ministirri Barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaan. Ministeerri Barnootaa gamaaggama raawwii hojii walakkeessa waggaa dhaabbilee barnoota olaanoo bara 2018 hojiiwwan ijoo Finfinneetti guyyoota lamaaf kan turu gaggeessaa jira. Waltajjicharratti Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Humna Namaa, bobbii Hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Dr. Nagarii Leencoo Ministira Barnootaa piroofeesar Biraanuu Ngggaa, pireezdaantonni yunivarsiitii fi hoggantoonni olaanoo biroo argamaniiru. Ministirri Ministeera Barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo gaggeessuu fi lammiilee gahumsa qaban oomishuuf gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. Dhaabbileen kunneen haala addunyaa amma jiru keessatti dorgomaa akka ta’an xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hoggansa irraa kaasee hanga humna hojjetaa sadarkaa gadiitti qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan himan Ministirri kun, dhaabbileen kunneen guddina biyyaatiif gumaacha qaban daran akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru. Deetaan Ministeera Barnootaa Koraa Xushanee gama isaaniitiin dhaabbileen kunneen aadaa hojii fi itti fayyadama teeknooloojii irratti guddina agarsiisuu isaanii eeraniir. Hojiin qorannoo yunivarsiitiiwwan fooyya’aa ta’uu bira darbee qaqqabummaa barnootaa fi hammatamummaa mirkaneessuun qulqullina qorannoo irrattis xiyyeeffannaan ni hojjetama jedhan. Madaalliin kun bu’uura waliigaltee Ministeericha waliin taasisaniin hojiiwwan dhaabbileen gaggeessanii fi rakkoolee isaan mudatan gadi fageenyaan adda baasuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.
Manni kitaabaa Immartaa yeroo tokkotti namoota 1,000 tajaajiluu danda'a - Waajjira Ministira Muummee
Mar 9, 2026 47
Guraandhala 30/2018 (ENA): Manni Kitaabaa Immartaa bajata gurgurtaa Kitaaba Ida’amuu Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin barreeffamee fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa irraa argameen kan ijaarame yoo ta’u, yeroo tokkotti namoota 1,000 tajaajiluu akka danda’u Waajjirri Ministira Muummee beeksise. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Mana Kitaabaa Imartaa Dirree Dawaa daawwataniiru. Kana hordofuun Waajjirri Ministira Muummee odeeffannoo fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti qoodeen, Manni kitaabaa kun bal’ina kaareemeetira 1,000 ol irratti argama jedheera. Bu’uuraalee misoomaa ammayyaa akka qabaatuuf ijaaramuus beeksiseera. Manni kitaabaa kuni darbii sadii kan qabu yoo ta’u, Namoota tajaajila kana barbaadaniif qilleensa qulqulluu bakka itti gammadanii dabarsan kan qabudha. Manni kitaabaa kun bakka dubbisa qaroo dhabeeyyii(Bireelii), wiirtuu IT fayyadamtoota fedhii addaa qabaniif, bakka dubbisaa alaa, kutaa dubbisaa fi qo’annoo dhuunfaa fi garee fi kutaa konfiraansii of keessaa qaba. Girgijjii kitaabaa irratti qofa dandeettii kitaabota miliyoona 1 qabachuu akka qabu himameera.
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti Misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuuf Inisheetivonni bocaman bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise
Mar 9, 2026 63
Guraandhala 30/2018(ENA):-Naannoo Oromiyaatti Misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuuf Inisheetivonni bocaman bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Guddina damee Qonnaa saffisiisuuf hojiiwwan qorannoo haaraan gaggeeffamaa jiru. Bifa haaraan ilaalamanii paakeejiiwwan Misoomni Aannanii, Lukkuu, Qurxummii fi nyaanni beelladaa hojiin eegalamerratti, leenjiin hubannaa hoggantootaa fi ogeeyyii sadarkaa sadarkaan jiraniif qophaa’e Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu wayita sana akka ibsanitti, Qonna Ceesisuuf Inisheetivota bocaman keessaa misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuun isa tokko. Inishetiivota oomishtummaa qabeenya beelladaa guddisuu fi damicha ammayyeessuuf hojiirra oolaa jiraniin, bu’aawwan qabatamaa fi jijjiiramoonni galmaa’aa jiru jedhaniiru. Kanaanis birmadummaa nyaataa mirkaneesuuf, nyaataa fi sirna nyaataa idileessuuf tattaaffiiwwan taassifaman keessatti, bu’aawwan galma kana milkeessan argamaa akka jiran ibsaniiru. Hojiiwwan fooyya’iinsa sanyii beelladootaarratti hojjetaman, keessattuu mala diqaalomsuun (artificial insemination) fayyadamuun misooma qabeenya aannanii guddisuu bira darbee, jabbilee fi raadotni fooyya’an akka dhalatan taasisuu ibsaniiru. Waggaa waggaatti sa’a Aannanii Miliyoona 2 tuqaa 5 ol diqaalomsuun danda’amuu kaasaniiru. Dabalataanis Misooma Lukkuun, Qurxummii fi dammaan bu’aan argamuu ibsaniiru. Inishetiivii misooma dammaa milkeessuuf, waggaa waggaatti gaagura dammaa ammayyaa miliyoona 1 tuqaa 5 raabsamaa akka jiru eeraniiru. Oomishni dammaa gaagura ammayyaatiin akka gaggeeffamu taasifamuunsaa, oomisha gaagura aadaa irraa argamaa ture Kg. 10 hin caallerraa, giddu-galeessaan gara Kg. 25tti guddisuun danda'amuu dubbataniiru. Biirichatti, Itti Gaafatamaa Damee Misooma Qabeenya Beelladaa Obbo Toleeraa Dabalaa qabeenya beelladaa ammayyeessuuf hojii hojjetamaniin bu’aawwani fi Muuxannoowwan argaman cimsuun itti fufsiisuuf Qonna ceesisuuf galma qabame ta’uusaa waltajjicharratti ibsaniiru. Dabalataanis misooma sa’a Aannanii, lukkuu, Qurxummii, Dammaa fi misooma nyaata beelladaa dabalatee paakeejiiwwan bifa haaraan hojiirra oolan ja’arratti hubannoo kennuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi Piroojektii daandii Ayyar Xeenaa-Kaarraa,Walattee fi Atoobis Taraa – Marfata 18 haala saffisaa ta’een hojjetamaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 9, 2026 51
Guraandhala 30/2018(ENA): Pirojektoonni Ijaarsa daandii Ayyar Xeena-Kaarraa,Walattee fi Awutoobis Taraa – Marfata 18 Massaalamaa haala saffisa qabuun hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee haala hojii pirojektoota ijaarsa Daandii Ayyar Xeenaa - Kaarraa Walattee fi Atoobis Taraa - Masaalamiyaa –Marfata 18 daawwataniiru. Piroojektiin ijaarsa daandii Ayyar Xeenaa- Kaarraa Walattee ji’oota muraasa dhufan keessatti guutummaatti xumuramee tajaajila ummataaf banaa akka ta’u ibsaniiru. Dabalataanis piroojektiin Daandiin Atoobis taraa -Massaalamiyaa –Marfata 18 baatii Muddee dhufu xumuramee tajaajilaaf akka gahu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Kantiibaa Adaanechi yeroo daawwannaa isaanii akka ibsanitti, ijaarsi dandii Atoobis Taraa – Massaalamiyaa- Marfata 18 sababa gufuuwwan garaa garaatiin yeroo dheeraaf harkifatee kan ture ta'us, yeroo ammaa kana garuu haala qindoomina qabuu fi ariifataadhaan raawwatamaa jira jedhaniiru. Piroojektichi dheerina Kilomeetira 3.3 kan qabu yoo ta’uu, karaa bal'ina sarara 6 qabu ta'uu isaa dubbataniiru. Pirojektichi karaa lafa jalaa (underpass) ammayyaa kan dabalatu yoo ta'u, bu'uraaleen misoomaa humna ibsaa fi bishaanii hundi haala qindoomina qabuun guutamaniiru jedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Kantiibaan kun haala hojii piroojektii ijaarsa daandii Ayyar Xeenaa - Kaarraa Walattee daawwataniiru. Haaluma kanaan Piroojektichi raawwii fooyya'aa irra akka jiru mirkaneeffachuusaanii dubbataniiru. Piroojektiin kun dheerina kiiloomeetira 5.6 kan qabu yoo ta’u, bal’innisaa meetira 40 dha. Kunis dhiphina daandii tiraafikaa akka salphisu himaniiru. Ijaarsi piroojektoota daandii kunneenii yeroo xumuramu, dhiphina daandii tiraafikaa naannichatti mul’atu sadarkaa olaanaan akka hir’isuu fi sochii daldala magaalattii saffisiisuuf gumaacha guddaa akka qabaatu eeggama jedhani.
Bu’aa misooma Muduraarraa godinichatti argame caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira
Mar 7, 2026 115
Guraandhala 28/2018 (ENA)- Bu’aa misooma Muduraarraa godinina Wallagga bahaatti argame caalaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Waajjirichatti dursaan garee Bunaa, kuduraa fi muduraa obbo Asaffaa Mokonnon, godinichi lafa qonnaa misooma muduraaf mijatu akka qabu ENA’f ibsaniiru. Yeroo dhihoo asitti misoomichaaf xiyyeeffannoon kennamee hojiin misooma muduraa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Qonnaan bultoonni godinichaa misooma midhaanii cinaatti Avokaadoo, Muuzii, Paappaayaa fi muduraalee filataman kan biroo akka misoomsan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Amma ammaattis muduraaleen garagaraa lafa heektaara kuma 15 fi 371 irratti misoomsuun akka danda’ame ibsaniiru. Kana keessaa firii buusuu kan jalqaban akka jiran eeranii, bara oomishaa 2017/2018 muduraan kuntaala kuma 100 caalu walitti qabamee gabaaf dhihaachuu ibsaniiru. Oomishni kun irra caalaan aanaalee Gudayyaa Biilaa, Gobbuu Sayyoo, Sibuu Siree fi Guutoo Giddaatti oomishamuu dubbatanii, qonnaan bultoonni hirmaatanis gabaaf dhiheessanii fayyadamuu eegaluusaanii ibsaniiru. Misooma Muduraa kanaaf malli qonnaa kilaastaraa hojiirra ooluusaa dubbataniiru. Godinicha aanaa Gobbuu Sayyootti hirmaataa kan ta’an qonnaan bulaa Sa’id Jilaaluu yaada kennaniin, lafa heektaara tokkorratti Avokaadoo fi Muuzii misoomsuudhaan bu’a qabeessa ta’uusaanii dubbataniiru. Walitti hidhamiinsa gabaa mootummaan mijeesseefitti fayyadamuun wagga darbee asitti Avokaadoo Kuntaala 33 biyya alaatti erguun bu’aa birrii kuma 150 argachuusaanii ibsaniiru. Muuziis misoomsuu eegaluusaanii eeranii, yeroo ammaa muuzii bilchaate walitti qabanii gabaaf dhiheessaa akka jiran himaniiru. Godinicha qonnaan bulaan aanaa Guutoo Giddaa Habtaamuu Dajanee gamasaaniin, Avokaadoo wagga waggaan misoomsanii fayyadamaa akka jiran ibsaniiru. Kanaan dura midhaan qofa oomishanii galiin argatan xiqqaa ta’uu dubbatanii, yeroo ammaa sanyii filatamaa fi deeggarsa argatanitti fayyadamuun gabaa biyya alaaf dhiheessanii fayyadamaa akka ta’an dubbataniiru. Barana lafa heektaara walakkaarraa Avokaadoo kuntaala 20 walitti qabuun gabaaf dhiheessuusaanii dubbataniiru. Misoomni kuduraa fi muduraa galii fooyya’aa argamsiisuun alatti sirna nyaataa isaanii fi maatiisaanii akka fooyyessan isaan gargaaruusaa qonnaan bultoonni ibsaniiru.
Naannoo Oromiyatti waliin gahinsa daandii dabaluun guddina dinagdee fi hawaasummaa jalqabame saffisiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira
Mar 7, 2026 99
Guraandhala 28/2018(TOI) – Naannoo Oromiyaatti waliin gahinsa daandii dabaluun guddina dinagdee fi hawaasummaa jalqabame saffisiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daandiiwwanii fi Lojistikii Oromiyaa beeksise. Itti aanaan hogganaa Biirichaa Injinar Mahaammad Nuuraa ENA’tti akka himanitti mootummaan naannichaa fayidaan bu’uuraleen misoomaa guddina dinagdee fi hawaasummaa keessatti qabu hubachuun pirojeektoota daandii buleeyyii xumuruu fi qorannoo irratti hundaa’uun daandiiwwaan haaraa ijaaraa jiraachuu himaniiru. Haaluma kanaan naannichatti bara kana daandiiwwaan gurguddoo sadarkaa naannootti hojjetaman 25 kan kilomeetiraa 117 ta’u ijaaruuf karoorfamee hojjetama jirachuu himaniiru. Daandiiwwaan kana keessaas 21 buleeyyii yoo ta’u 4 immoo haaraa ta’uu himaniiru. Kana keessaas hanga ammaatti daadiin kiiloo meetirrii 32 tuqaa 1 ijaarsi isaa xumuramuu ibsaniiru. Dabalataan naannichatti sagantaa misooma daandii baadiyyaa kan sadarkaa godinaa fi aanaatti hojjetamuun bara kana daandii kiiloo meetira 503 ijaaruuf karoorfamee haga ammaatti kiiloo meetirri 70 ijaarsi isaa xumuramuu ibsaniiru. Kana malees sadarkaa naannootti bara kana riqaalee gurguddaa hojjetaman 21 ijaaruuf karoorfamuu eeranii ijaarsi isaanii dhibbantaan 56 xumuramuu himaniiru. Riqaaleen baajata mootummaan alaa sagantaawwaan adda addaan hojjetamuuf karoorfaman 19 keessaas 2 guutummaatti xumuramamniiru jedhan. Naannichatti hojii ijaarsa daandii cinaatti hojiin bulchiinsa daandiis xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu himaniiru. Hojii kanaanis bara kana bajata fandii federalaa fi naannoon daandii kiiloo meetirri kuma 14 fi 442 suphuuf karoorfamee hanga ammaatti daandii kiiloo meetirrri kuma 11 fi 83 suphuun akka danda'ame ibsaniiru. Daandiiwwaanii fi riqaaleen hojiin isaanii xumurame akkasuma suphaan gahaan taasifameef guddina dinagdee fi hawaasaa naannichaa safisiisuu keessaatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu eeraniiru. Ijaarsa daandiin cinatti magaalota kanneen akka Fiichee, Asallaa, Naqamtee, Gmibii fi Bulee Horaatti daandiiwwan konkolaataa ijaarsa irraa jiraachu himaniru. Naannichatti Projektonni buleeyyii baay’een gara lixa Oromiyaatti yoo ta’uu, sababa haala nageenyaa harkifachuu isaa ibsanii yeroo ammaa nageenyaa waaraa argametti fayyadamuun qaamolee ilaallatan waliin ijaarsi projektewwanii ariitiin xumuruuf tattaaffi guddaan taasifamaa jira jedhan.
Saayinsii fi teeknooloojii
Ilaalcha hin danda’amuu kan cabsan urjiilee samii
Mar 8, 2026 84
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf balalii biyya keessaa fi idil-addunyaa dubartootaa qofaan hogganamu saddeet ni gaggeessa. Akka addunyaa guutuutti balaliistota daandiiwwan xiyyaaraa daldalaa keessaa hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa jaha qofa dha akka ragaaleen agarsiisanitti. Kanneen giddu galeessaan addunyaa irraa fooyyee kan qaban keessaa, Daandiin Qileensaa Hindii (Air India) balaliistota isaa keessaa dhibbeentaan 15 dubartoota dha. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa balaliistota dubartoota 95 kan qabu yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa Afrikaa muraasa saffisaan lakkoofsa isaa dabalaa jiran keessaa isa tokko taasiseera. Balalii dubartoota qofaan hogganamu dubartoota balaliistota balalii kana irratti hirmaatan, kanneen ENA waliin turtii taasisan, balalii dubartoota qofaan taasifamu irratti hirmaachuun kan isaan kan boonsuu fi gammachuu isaaniif kan kenne akka ta’e dubbataniiru. Gargaartuu balaliistuu kan ta’an Tsiyoon Dammaqee akka ibsanitti, balaliisaa dargaggeettii dubaraa Itiyoophiyaa jalqabaa Kaapteen Amsaalee Gowaaluu irraa akka fakkeenya fudhatanii fi kaka’umsa argataniin booda indaastirichatti makame jdhani. Erga seektarichatti makamaniis namoonni isaan argan bakka deeman hundatti akka isaan jajjabeessan himaniiru. Gargaartuu balaliistuu kan biraa Liidiyaa Gammee akka himanitti, dameen kun shamarraniif qormaata ta’ee fudhatamus, dubartoonni hojjechuu akka danda’an kan agarsiisan kanneen nu dura turan irraa barachuun damichaatti makamne jedhani. Balalii dubartoota qofaan durfamu irratti hirmaachuun isaaniis akka isaan gammachiisuu fi akka isaan boonsu himaniiru. Hojii cimaa fi kutannoon rakkoolee mudatan irra aanuun furtuu milkaa’ina akka ta’e kan ibsan balaliistonni kunniin, dubartoonni cimanii hojjechuun ofitti amanamummaa yoo horatan bakka barbaadan ni ga’u jedhaniiru.
Inistitiyuutichi Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataa irratti qorannoowwan gama hedduun gaggeessaa jira
Mar 6, 2026 87
Guraandhala27/2018(ENA):-Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoo Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataarratti hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hedduu gaggeessaa jiraachuu beeksise. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa obbo Zinaabuu Asiraat akka ibsanitti, dhaabbatichi Aadaa, seenaa, duudhaa, Aartii,fi guddina Afaan Oromoorratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Dargaggoonni naamusa gaariin guddinaa fi misooma biyyaaf akka tattaafataniif gaheen qaamolee qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf Yuunvarsiitii Arsii fi dhaabbilee olaanoo Naannichatti argaman biroo waliin, komishinii Tuurizimii , gidduugala Qorannoo Aadaa Oromoo, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa itti dabaluun,hanga ammaatti qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojiiwwan qorannoo 70 ol raawwatamuusaanii eeraniiru. Isaan keessaa kitaabileen 30 ol Seenaa,Afaanii fi Aadaarratti xiyyeeffatan maxxanfamanii Hawaasaa dhihaataniiru jedhaniiru. Hojiin kun aadaa dubbisa dargaggootaa cimsuu fi naamusa hunda galeessa akka gonfataniif qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Bu’aawwan qorannoo fi qophiilee Kitaabaa Ilaalchisuun dargaggoonni yaada kennan, hojichi hanqina hubannoo dhaloota biratti mul’atu furuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dargaggoo Siraaj Ahimad akka ibsetti, dubbisuun dargaggoonni waa’ee eenyummaa fi Aadaa Hawaasaa akka beekan taasisa. Sirni Gadaa bu’uuraa fi eenyummaa keenya kan jedhe dargaggoo Siraaj, waa’ee sirnichaa fi duudhaalee Oromoo irratti beekumsa gahaa argachuuf Aadaa dubbisuu keenya gabbisuu qabna jedheera. Dhaloonni haaraan hojii tuffachuu keessaa bahee, hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabu ibseera.
Walii galteen bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisu mallatteeffame
Mar 5, 2026 110
Guraandhala 26/2018 (ENA) -Itiyoo telekoom neetwoorkii babal’isuunii fi ammayyeessuudhaan bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kaampaanii Eriksan waliin walii galtee seena qabeessa mallatteesse. Walii galteen kun buufataalee Moobaayilii kuma 1 fi 500 riijinii bulchiinsa neetwoorkii Eriksan keessa jiranirratti hojiilee babal’isuu, fooyyessuu, 4G diriirsuu fi teeknooloojiiwwan haaraa ijaaruu of keessaa qaba jedhameera. Inisheetiiviin ammayyeessuu walii galaa kun baay’ina, qulqullinaa fi dandeettii neetwoorkii kan fooyyessu ta’uu odeeffannoon Itiyoo telekoom agarsiiseera. Haala Kanaan bu’uraalee misoomaa buleeyyii teeknooloojii ammayyaatiin bakka buusuudhaan, bal’inaa fi dandeettii 4G sadarkaa olaanaatti kan guddisu ta’uu eerameera. Bal’ina 5G guddisuudhaan ijaarsa dinagdee dijitaalaa haaraaf kan barbaachisu konneektiviitii saffisaa olaanaa dhugoomsuuf ni dandeessisa jedhameera. Keessumaa pirojektichi baadiyyaa bakkeewwan 75 ta’aniif sooluushinoota teeknooloojii moobaayilii dhiheessuuf akka gargaaru himameera. Akkasumas buufataalee 3G buleeyyii 502 ammayyeessuu fi gara teeknooloojiiwwan 4G olaanaatti guddisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera. Pirojektichi riijinii oppireeshinii Eriksan (Ericsson) keessatti dandeettii neetwoorkii 4G haaraa baachuu danda’an miiliyoona 2 tuqaa 8 dabaluuf kan dandeessisu yoo ta’u, kun ammo dandeettii neetwoorkii walii galaa gara miiliyoona 4 tuqaa 1’n gahuuf nigargaara jedhameera. Kana malees tajaajila ‘LTE’ gara magaalota dabalataa 157tti babal’isuun, magaalota ‘LTE’tti fayyadaman gara 276tti guddisa jedheera Itiyoo Telekoom. Kunis baay’ina ummataa dhibbantaa 45’n guddisuun, baay’ina ummataa riijinicha jiru walii galaan dhibbantaa 85niin gahuuf akka dandeessisu eereera. Walii galteen kun haala jireenyaa, hojmaataa fi bittaa fi gurgurtaa Itiyoophiyaanonni ittiin taasisan gara sadarkaa olaanaatti ceesisaa kan jiran, pilaatfoormota kanneen akka teelee birria, zaman gabayaa fi Zeneksasiif deeggarsa ni taasisa.
Giddugalichi erga hundeeffamee ji’oota jaha keessatti namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argataniiru
Mar 5, 2026 74
Guraandhala 26/2018 (ENA):Erga giddugalli iddoo tokkoo (Masoob) Dirree Dawaatti hundeeffamee ji'oota jaha keessatti namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argachuu himame. Qindeessaan giddugalichaa obbo Awwaqee Laggasaa ENAtti akka himanitti, giddugalichi baatii Fulbaanaa bara 2018 hojii kan eegale dhaabbilee 10’n tajaajila 28 kennaa jira. Erga wiirtuun kun hojii jalqabee namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argataniiru jedhan. Giddugalichi waraqaa irraa bilisa ta’ee tajaajila ammayyaa, saffisaa fi si’ataa kennuudhaan rakkoo bulchiinsaa hiikuu isaa ibsaniiru. Qorannoon itti quufinsa gaggeeffame akka agarsiisutti ummanni tajaajila mootummaa aragachaa jirutti gammachuu qabaachuu hubatameera. Dhaabbileen giddugalichatti walitti qabamanis tajaajila saffisaa fi si’ataa qabu kennaa akka jiran fayyadamtoonni kunneen ibsaniiru. Fayyadamtoota keessaa obbo Abdii Bushraan tajaajilli dijitaalaa giddugalichi kennu hawwataa ta’uu ibsaniiru. Kaartaa abbaa qabeenyummaa lafaa argachuun tajaajila ariifataa argachuuf gara giddugalichaa erga dhufanii booda yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii xumuruu akka danda’an himaniiru. Yeroo darbe dhaabbileen naannoo adda addaatti faffaca’anii waan turaniif tajaajila argachuuf hanga torbee tokkoo fi ifaajii guddaa kan barbaadu ta’uu yaadachuun, jijjiirama amma dhufe kanaan gammaduu isaanii ibsaniiru. Aadde Salaamaawit Haagos gama isaaniitiin gibira kaffaluuf gara giddugalichaa dhufanii yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii akka xumuran himaniiru. Dhimma isaa raawwachuuf gara giddugalichaa kan dhufe obbo Fissahaa Solomoon tajaajila haqa qabeessaa fi gahumsa qabu akka argate ibseera. Tajaajila saffisaa dhaabbileen giddugalicha keessa jiran kennaa jirutti akka gammadan eeruun hojiin akkanaa kuni cimee itti fufuu akka qabu dhaamani.
Ispoortii
Sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin Badhaadhinni Itiyoophiyaa ni dhugooma ta’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 8, 2026 69
Guraandhala 29/2018 (ENA): Badhaadhina Itiyoophiyaa sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin ni mirkaneessina jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Guyyaan dubartoota idil addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 115ffaa kan kabajamu yoo ta’u, akka Itiyoophiyaatti immoo yeroo 50ffaaf kabajamaa jira. Guyyaa Dubartoota Idil Addunyaa akka Itiyoophiyaatti yeroo 50ffaaf kabajuuf fiigichi daandii kiiloo meetira 5 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sagantaa ispoortii kana Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin ta'uun qopheesse. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ergaa gdabarsaniin dubartoonni gahee olaanaa ijaarsa biyyaa fi imala badhaadhinaa keessatti qaban guddaa dha jedhani. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti namoonni milkaa’oo fi atileetotni dubartoota beekamoo hedduun akka jiran eeruun, dandeettii fi humni adda ta’e kanaaf beekamtiin guddaan kennamuu akka qabu ibsaniiru. Nageenyaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif dubartoonni aarsaa guddaa akka kaffalan yaadachiisuun, akkasumas dubartoonni ammallee misooma biyyaalessaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Obboleewwan keenya waliin ta’uun biyya keenya guddifna kan jedhan, hirmaannaan dubartootaa dhiirota waliin haala qindoominaa fi deggarsa qabuun misooma biyyaaf akka oolu ni taasifnas jechuun ibsaniiru. Mootummaan hirmaannaa haqa qabeessa dubartootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus aadde Adaanech himaniiru. Akkasumas imala badhaadhinaatti hirmaannaan dubartootaa dinagdee fi hawaasummaa haqaan akka dhugoomu ciminaan hojjechuuf waadaa galaniiru. Imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu keessatti dubartoonni humna adda duree ta’uu kan ibsan kantiibaan kun, akkasumas guyyaa kana sababeeffachuun baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Ministirri Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogoe Tasfaayee gama isaaniitiin, jijjiirama biyyoolessaa har’a mul’ateef bu’uurri waggoota 50 darban keessatti mirgaa fi sagalee dubartootaa xiyyeeffannoo kennuudhaaf tattaaffii taasifameen akka ta’e ibsaniiru. Bu’aan dubartoonni damee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban guddina biyyaatiif murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni fiigicha kanarratti hirmaatan akka himanitti, fiigichi kun fayyaa qaamaa fi sammuu dubartootaa eeguu qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhani. Fiigicha daandii kiiloo meetira 5 kana irratti keessummoonni affeeraman, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi atileetotni bebbeekamoo hirmaataniiru.
Riyaal Sosiyeedaad tapha mo’atanii darbuu xumuraatti darbe
Mar 5, 2026 124
Guraandhala26/2018(ENA):-Tapha mo’atanii darbuu Waancaa Ispeen (Copa del Rey) walakkaa xumuraaa tapha deebii Riyaal Sosiyeedaad Atiletiko Biilba’oo 1 fi 0n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Anoo’eetatti gaggeeffameen Maayikiil Ayarzaabaal daqiiqaa 87ffaatti rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Gareewwan lameen morkii wal maadaalu gaggeessaniiru. Riyaal Sosiyeedaad bu’aa ida’amaan 2 fi 0n injifachuun xumuraaf darbeera. Kilabiin Baaskuu Tapha jalqabaan 1 fi 0n mo’achuunsaa ni yaadatama. Riyaal Sosiyeedaad tapha xumuraa irratti Atileetiko maadiriid waliin taphata. Taphni xumuraa Ebla 10 bara 2018 ni gaggeeffama. Atiletiko Maadiriid Baarsenoolaan bu’aa ida’amaan 4 fi 3n injifachuun xumuraaf darbuunsaa ni yaadatama
Piriimar liigichaan taphoonni Arsenaal Biraayiten waliin, Maanchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin taasisan hawwiin ni eegama
Mar 4, 2026 194
Guraandhala 25/2018(ENA) - Piriimar liigii Ingiliz torban 29ffaa oolmaa guyyaa lammataan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 4:30tti Biraayiteen Arsenaal waliin Istaadiyeemii Ameeksitti ni taphatu. Biraayiteen qabxii 37n sadarakaa 12ffaa qabateera. Arsenaal qabxii 64n liigicha dursaa jira. Taphichaan Biraayiteen Injifannoo itti fufaa liigichaa sadii galmeessisuuf kan taasisudha. Morkataansaa Arsenaal yoo injifate dursummaa liigichaa kan itti cimsatu qabxii murteessaa sadii argata. Taphicha Abbaa seerummaan Kiriis Kavanag ni gaggeessu. Sagantaa biroon Manchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Itihaaditti ni keessummeessa. Manchistar Siitiin Taphni tokko otoo isa hafuu qabxii 59n sadarkaa 2ffaa qabateera. Nootinghaam Fooresti qabxii 27n sadarkaa 17ffaarratti argama. Manchistar Siitiin yoo injifate morkii waancaa keessatti akka ittifufu isa taasisa. Tapha ligichaa shanan darbanitti kan hin mo’anne Nootingihaam Fooresti yoo injifatee , sadarkaa gad bu’insaa jalaa ooluuf morkii taasisu keessatti qabxii murteessaa sadii argamsiisaaf. Galgala sa’aatii 5:15tti Niwukaastil Yunaayitid Maanchistar Yuunaayitid waliin ni taphata. Niwuukaastil Yunaayitid qabxii 36n sadarkaa 13ffaarratti argama. Maanchistar Yunaayitida qabxii 51n sadarkaa 3ffaa qabateera. Niiwuukaastil itti fufinsaan yeroo lama erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Mancheester Yunaayitid deemsa gaarii kanaan itti fufuu fi dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti morkiisaa cimsachuuf qabxii sadii argachuun murteessaadha. Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti Astonviilaan chelsii waliin galgala sa’aatii 4:30tti ni taphatu. Astonviilaan qabxii 51n sadarkaa 4ffaarra jira, Chelsiin qabxii 45n sadarkaa 6ffaa qabateera. Shaapiyonsi liigichaan hirmaachuuf gareewwan lamaan morkii cimaa gaggeessu. Fulhaam weestihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Kiravan koteejitti taphasaanii gaggeessu.
Piriimar Liigii Ingiliz torban 28ffaan har’a eegala
Feb 27, 2026 330
Guraandhala 20/2018(ENA):-Piriimar liigii Ingiliz torban 28ffaan sagantaa tapha jalqabaan har’a Wolvisii fi Astonviilaa gidduutti ni gaggeeffama. Taphichi galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Moolniwuutti gaggeeffama. Wolvisii qabxii 10n sadarkaa dhumaa 20ffaa qabatera. Astonviilaan qabxii 51n sadarkaa 3ffaarra taa’eera
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan Ikooloojii naannichaa bu’uura godhatan qophaa’aa jiru
Mar 4, 2026 123
Guraandhala 25/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban Ikooloojii naannicha bu’uura godhatanii qophaa’aa jiraachuu waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Hagayya bara 2011 Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalamuunsaa ni yaadatama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, buuftaalee biqiltuu 11 Godinicha keessa jiran keessatti biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabbatan qophaa’aa jiru. Buufanni biqiltuu kunneen duula Ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan sanyii adda addaa biqilchuun dhiheessuurratti qoodni bahaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 284 ol qopheessuuf karoorfamee biqiltuuwwan miiliyoona 241 ol biqilchuun hojjetamuu eeraniiru. Qophiin biqiltuu kun hedduuminan sanyiiwwan biqiltuu jijjiirama haala qilleensa to’achuuf gargaaran xiyyeeffannoon kan itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataan Faayidaa Dinagdee qonnaan bulaa kan argamsiisuu fi soorataaf kan oolan biqiltuuwwan muduraalee miiliyoona 26 tuqaa 7 kan of keessatti hammate qophaa’uu dubbataniiru. Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa haala Ikooloojii nannichaa gidduugaleeffachuun kan raawwatamu ta’uu eeruun Godinichatti waggoottan darban biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbantaa 85n ol qabachuusaa beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatan tuttuqqaa namaa fi beelladaarraa eeguun kunuunsamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana karoora qabame milkeessuuf boolla biqiltuun keessa dhaabbamu qotamee qophaa’uu beeksisaniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti hangi rooba Arfaasaa fi facaatiin isaa cimee itti fufa
Mar 3, 2026 128
Guraandhala 24/2018 (ENA): Guyyoota kurnan itti aananii dhufan keessatti naannoolee midhaan Arfaasaa itti misoomsan keessatti hangi roobaa fi facaatiin isaa haalaan akka dabalu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Itti aanaan Daarektara Olaanaa Damee Raaga Meetirooloojii, Tajaajila Gorsaa fi Qorannoo Inistiitiyuutichaa Dr. Asaaminawu Tashoomaa ENA’tti akka himanitti, Raagaan tilmaama akka agarsiisutti haalli meetirooloojii roobaaf mijatu dabalaa jira jedhani. Raabsiin roobaa kun Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa (naannoowwan waqtii rooba isaanii argatan), gammoojjii sululuwwan qinxamaa jiran, kutaalee giddu galeessaa fi Kibba Lixa biyyattii, naannoo Bahaa fi Kaaba Bahaa kan uwwisu ta’uu ibsaniiru. Naannolee kanneenitti roobn salphaa hanga giddu galeessaa kan eegamu yoo ta’u, naannoolee irra caalaan rooba idilee hanga idilee ol kan roobu ta’a. Kana malees darbee darbee rooba cimaan ni rooba jedhame. Fooyya’iinsi roobaa kun keessumaa qonnaan bultoota midhaan Arfaasaa misoomsaniif faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Roobni kunis midhaan yeroo Arfaasaa facaafamuuf barbaachisaa ta’uu himaniiru. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo hanqina bishaanii jiran bishaan roobaa walitti qabuun kuusuun gara fuulduraatti akka itti fayyadamaniif yaada dhiyeessaniiru. Akkasumas roobni yeroo Arfaasaa roobu guyyoota kurnan dhufan keessatti bishaan dirra lafaa fi bishaan kuufamaa adda addaa keessatti akka dabalu himaniiru. Haaluma kanaan, Omoo Gibee, sulula gammoojjii, Awaash Gubbaa fi Giddugaleessaa, Abaay Giddugaleessaa fi Gadii, Gannaalee Dawaa fi Waabee Shabalee jiidhina fooyya’aa ni argatu jedhamee eegama jedhan. Kunis kuufama bishaanii uumamaa fi namtolchee fayyadamuun bishaan isaanii akka dabalu himaniiru. Kanumaan walqabatee ho'i guyyaa olka'aan kutaalee biyyattii tokko tokkotti akka itti fufu ibsaniiru. Ragaan tilmaama akka agarsiisutti naannoolee Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Benishaangul Gumuuzii fi Amaaraa Lixaatti ho’i guyyaa ol’aanaan digrii seentigireedii 33 hanga 37.2 ni ga’a jedhamee eegama.
Labsiin Bulchiinsaa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraan 1383/2017 “gosoota pilaastikaa hunda” guutummaatti dhorkaa?
Feb 28, 2026 215
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraa 1383/2017 kan faalama pilaastikaa hir’isuu fi nageenya naannoo mirkaneessuuf kaayyeffate hojiirra oolchuun isaa ni beekama. Haa ta'u maleeerga labsiin kun bahee hordofuun filannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoon dogoggoraa bal'inaan tamsa'aa jira. Kanaaf odeeffannoon dogoggorsiisaan ijoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan tamsa’aa jiru adda baafamee jira; akkasumas odeeffannoon labsii, ibsa hoggantootaa fi ibsa qaama dhimmi ilaallatu wajjin wal bira qabuun mirkanaa’eera. Odeeffannoo dogoggoraa: "Pilaastikiin kamiyyuu yeroo tokko qofaaf tajaajila kennan, akka hin oomishamne; akka biyya hin seenne akkasumasa akka hin gurguramne guutummaan guutuutti dhokameera.’’ Dhugaansaa: Labsichi pilaastika yeroo tokkotti fayyadan hunda hin dhorkine. Akka labsichaatti "boorsaa pilaastikii haphii (feestaala)" yeroo tokkotti fayyadamuu qofatu guutummaatti dhorkaadha. Akkuma Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo Lakk.1383/2017 ifatti ibsutti; "Qajeelfama oomisha, galtee ykn itti fayyadama pilaastikaa yeroo tokkotti fayyadamu baasuu danda'a." Kana jechuun pilaastikoonni akka barbaachisummaa isaatti hayyamaman jiru jechuudha. Dhimma kana ilaalchisee Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo fuula miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen, meeshaaleen akka hin faalamne ykn wantoota biroo waliin akka hin makamneef qadaada pilaastikaa akka fayyadamu; akkasumas pilaastika nyaataaf, baaltinnaaf, tajaajila uffata miiccaa(laawundariif) fi oomishaalee biroo saamsuuf kan oolu labsii kanaan akka hayyamamu mirkaneesseera. Haalli qabinsaa fi gatinsa pilaastikoota kanaa qajeelfama gara fuula duraatiin kan bulfamu ta’a. Kana malees, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Leellisee Namee ibsa ENA’f kennaniin, Labsichi oomishaalee pilaastikaa guutummaatti akka hin dhorkine ifatti ibsaaniiru. Odeeffannoo dogoggoraa: "Labsii kana raawwachuu fi raawwachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo qofa." Dhugaa: Labsii kana raawwachiisuuf itti gaafatamummaa dhumaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi waajjiraalee eegumsa naannoo naannichaaf kennamee dhugaa ta’ee osoo jiruu, hojiin raawwachiisummaa garuu abbaa taayiticha qofaan kan hojjetamu miti. Seerri kun lafarratti yeroo hojiirra oolu poolisii fi qaamoleen seera kabachiisan kanneen seeraan ala boorsaa pilaastikaa oomishanii, galchanii fi itti fayyadaman irratti hordofanii tarkaanfii raawwachiisummaa kan fudhatan ta’uu Daarektarri Olaantuun kuni ibsaniiru. Kanaaf ummannii fi hawaasni daldalaa hojii raawwachiisummaas qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisaniin kan raawwatamu ta’uu hubachuu qabu. Ummanni odeeffannoo hin mirkanoofnee fi dogoggorsiisaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’u fudhachuu irraa akka of qusatuu fi qajeelfama itti fayyadama pilaastikaa kallattiin fuula abbaa taayitichaa irraa fi maddoota amanamoo irraa qofa akka argatu gorsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddiseera
Feb 23, 2026 225
Guraandhala16/2018(ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddisuurratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu qooda fudhattoonni damichaa ibsan. Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 Gabaa Addunyaaf erguun galii doolaara biiliyoona 2.65 argachuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, bara baajataa 2018 buna toonii kuma 600 gara alaatti erguun galii doolara biiliyoona 3 ol argachuuf karoorsitee hojjechaa jirti. Qaamoleen damicharratti bobba’an ENA’f akka ibsanitti,damee qonnaan omishtummaa bunaarratti bu’aa gaarii galmeessisuuf hojiin eegumsa qabeenya uumamaa murteessaa ta’uu mirkaneessaniiru. Naannoo Oromiyaatti Al-ergii fi Oomisha Bunaa irratti kan hirmaatan obbo Faxxanaa Yewaalaasheet hojiin qabeenya uumamaa keessumaa Ashaaraan Magariisaa qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru. Waggoottan darban Sagantaan Ashaaraa Magariisaa itti fufinsaan hojjetamuunsaa buna omishuuf sirna ekkooloojii fi haala qilleensaa mijataa ta’e uumuu dandeessisuu dubbataniiru. Naannoo Kibba Dhiha Itiyoophiyaatti hojii damee bunaarratti kan bobba’an Andu’aalam Fantaa gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishtummaa bunaa guddisuurratti jijjiirama guddaa fidaa jira jedhaniiru. Kun ta’uusaan Magantaa Ashaaraa Magariisaarratti miseensonni waldichaa bal’inaan hirmaachuun misoomicha deeggaraa jirra jechuun ibsaniiru. Bakkeewwan biyyattii adda addaatti omishtummaa bunaa guddisuuf qabeenya uumamaa eeguun murteessaa ta’uu kan ibsan naannoo Sidaamaatti hojii buna dhiheessuurratti kan bobba’an Abaataa Kiishooti. Yaada kennitoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan bunaa Sanyii fooyya’oo dhaabbiif qopheessaa jiraachuu dubbataniiru. Itti Aanaan pirezidaantii Waldaa Buna Itiyoophiyaa Zarihuun Qaamiisoo gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee biyya keenyaa ariifachiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu beeksisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti erga hojiirra ooluu jalqabee biqiltuuwwan bunaa biiliyoona 8 ol dhaabbachuusaanii himaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2316
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10505
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.