ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Baatii sadan darban Godina Shawaa Bahaatti namoota kuma 40’f carraan hojii uumameera
Nov 11, 2025 37
Sadaasa 2/2018 (TOI)- Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018 naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti dameelee hojii garagaraatiin namoota kuma 40 ta’aniif carraan hojii uumamuusaa waajjirri hojii fi ogummaa godinichaa ibse. Hoohhanaan waajjirichaa obbo Habtaamuu Abdataa TOI’f akka ibsanitti, godinichatti namoota hojii hin qabne hojii qabsiisuuf hojjetmaa jira. Kanneen hojii hin qabne adda baasuun keessumaa Yunivarsiitii fi kolleejotarraa kan eebbifaman dabalatee kanneen hojii barbaadan biroof leenjiin ogummaa daldalaa fi intarpiruunarshiippii kennamuu wabeeffataniiru. Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018tti dameelee hojii garagaraatiin namoota kuma 40 ta’aniif carraan hojii uumameera jedhan. Carraan hojii kan uumameef keessaa hidhattoonni duraanii waamicha mootummaa fudhatan keessatti argamu jedhaniiru. Haala Kanaan dargaggoonni aanaalee Aqaaqii, Adaamii Tulluu, Ada’aa, Lumee fi aanaalee godinichaa biroo waamicha nagaa fudhatan carraa kanatti fayyadamuusaanii ibsaniiru. Carraan hojii kan uumame dameelee daldala, loon horsiisuu fi gabbisuu,damee qonnaa, albuuda, Maanufaakchariingii fi ijaarsaan ta’uu dubbataniiru. Dargaggoota hojii eegalaniif lafa qonnaa dabalatee bakki hojii fi gurgurtaa karaa aanaalee, magaalotaa fi gandootaa kennamuufii dubbataniiru. Dargaggoota godinichatti hojii hin qabnee fi hojiitti gala jiraniif liqaa birrii miiliyoona 600 caalu dhiheessuuf karoorfamee amma ammaatti liqiin birrii miiliyoona 100 ol kennamuu ibsaniiru.
Magaalota jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa jira
Nov 11, 2025 45
Sadaasa 2/2018(TOI)- Magaalota Itiyoophiyaa jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii ibsan. Foramiin magaalotaa 10ffaan Sadaasa 6 amma 10 bara 2018tti naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti ni kabajama. Ministirri magaalaa fi misooma bu’uraa Caaltuu Saanii kbaja ayyaanichaa ilaalchisuun gaazexeessotaaf ibsa kennaniiru. Ministirri kun ibsa kennniin foramii magaalotaa 10ffaa irratti magaalonni 150 caalanii fi magaalonni obbolaa biyyoota ollaarraa dhufan akka hirmaatan dubbataniiru. Foramichi mata duree “Guddinni magaalotaa ga’oomuu Itiyoophiyaaf” jedhuun akka kabajamuu fi hojiileen mootummaan magaalota ammayyeessuuf itti jiru irratti mariin fi muuxannoon akka qoodamu ibsaniiru. Magaalonni guddinoota hundaa fi agarsiiftuu badhaadhinaa ta’uusaanii kaasanii, magaalota agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ibsaniiru. Bu’ura misoomaa magaalotaa guutuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanaaf ammoo misooma kooriidaraa wabeeffataniiru. Misoomni Kooriidaraa magaalota 73 ol keessatti hojjetamaa jiraachuu eeranii, magaalonni jiraataaf mijataa fi galii dabalataa akka argamsiisan mootummaan hojjechaa jira jedhaniiru Karoora misoomaa waggaa kudhaniin wal qabatee hojiin magaalonni hojjechaa jiran ilaalchisee mariin akka gaggeeffamu eeraniiru.
Sirni Awwaalchaa Qorataa seenaa fi Barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge. Delleboo raawwatame
Nov 11, 2025 39
Sirni Awwaalchaa Qorataa seenaa fi Barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge. Delleboo raawwatame Sadaasa 2/2018(TOI)-Sirni Awwaalchaa Qorataa Seenaa beekamaa fi barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Mana Amantaa Pheexiroos wa-phaawuloositti gaggeeffameera. Qondaaltonni Mootummaa olaanoon, Maatii Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo fi firootaa fi jallattotnisaanii sirna awwaalchaarratti argamaniiru. Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Bulchiinsa kanbaataa fi Hadiyyaa durii kufaalaa Hafula Habaleetti Caamsaa 12 bara 1930 kandhalatan Barnoota sadarkaa 1ffaa Mana barumsaa mishinii bichoo Hosaa’inaatti, barnoota sadarkaa 2ffaa immoo Mana Barumsaa Atsegalaawudiwoos sadarkaa 2ffaa fi akkaadaamii Baayibiliitti hordofaniiru. Falaasamaa fi seenaan digirii jalqabaa hanga Digirii doktoreetiitti Amerikaatti barataniiru. Dhumarratti Pirofeesarummaaa argatanii, waggaa lamaaf Verjiiniyaatti Yuunvarsiittii yuuniyanitti barsiisaa turaniiru. Bara 1966 fincila Itiyoophiyaa hordofee gara biyyasaaniitti deebi’uun, qorataa seenaa fi barsiisuun biyyasaanii tajaajilaniiru. Qorannoo seenaa Itiyoophiyaa keessatti Ashaaraasaanii kan kaa’an Pirofeesarichi , guddina seenaa Itiyoophiyaatiif kitaaba gumaachan kaa’anii darbaniiru. Kitaabota Seenaa dheeraa ummata fi Mootummaa Itiyoophiyaa, Bu’uura Seenaa Itiyoophiyummaa, qooda galaana diimaa fi Abbay, seenaa gabaabaa ummata Geedi’oo dabalatee Seenaa Itiyoophiyaa hedduurratti kitaabota barreessaniiru. Qorannoowwan tokkummaan sab-damneessuumaa akka dagaaguu deegaran hedduu gaggeesaniiru. Qorataan seenaa Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Maatii kan qabanii fi Abbaa ijoolee dubaraa sadii kan turan yoo ta’u, dhibee isaan mudateen yaalamaa turanii umriisaanii waggaa 87tti du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii eebbifamee tajaajilaaf baname
Nov 11, 2025 35
Sadaasa 2/2018 (TOI)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii eebbifamee tajaajilaaf baname. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii bulchaan naannichaa Ordiin Badrii fi itti aantuu Komishinaraa komishinii paabiliik sarviisii FDRI Almaaz Massalaa bakka argamanitti eebbifamee tajaajilaaf banameera. Wiirtuun magaalichatti ijaarame boqonnaa jalqabaatiin dhaabbilee toorbatti tajaajiloota 22 qindeessuun kan kennu ta’uun beekameera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii akkaataa tajaajiloota kanneen karaa qindaa’een kennuuuf gargaaruun humna namaa fi teeknooloojiin gurmaa’ee hojii eegaluun ibsameera. Bulchaa naannichaa Ordiin Badrii fi itti aantuu Komishinaraa komishinii paabiliik sarviisii FDRI Almaaz Massalaa dabalatee hooggantoonni olaanoo naannichaa fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 147 ol irratti jallisii bonaan qamadii misoomaa jira
Nov 11, 2025 39
Sadaasa 2/ 2017 (TOI)-Godina Arsii Lixaatti lafa hektaara kuma 147 fi 500 irratti jallisii bonaan aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadiin misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise. Karoora imala badhaadhinaa qabame dhugoomsuu fi dinagdee qulqullina qabu karaa itti fufinsa qabuun mirkaneessuuf oomishaa fi oomishtummaa guddisuun murteessaa ta’uun ibsameera. Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf immoo waqtiiwwan oomishaa hundi hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uun . Hoogganaan Waajjira Qonnaa godinichaa Dr. Abdullahii Beekaa, qonni keenya kaleessa rooba qofa irratti hirkatee ture yeroo ammaa jallisii bonaatiin deeggaramuun bu'aan jajjabeessaan mul'achaa jiraachuu eeraniiru. Godinichatti badhaadhina milkeessuuf bona jallisiin ganna roobaan oomishuun wabii nyaataa milkeessuuf xiiqiin hojjatamaa jiraachuu kan himan Dr.Abdullahiin, aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadiin facaafamaa jiraachuu dubbataniiru. Akka Aanaa Nageellee Arsiittis barana hojiileen qonnaa bal'inaan hojjatamaa Kan jiru yemmu ta'u, oomisha gannaa cinatti bonas jallisiidhaan lafa hektaara kuma 35 fi 500 ol irratti gandoota aanichaa shan keessatti jallisiidhaan qamadii misoomsuuf hojjatamaa jiraachuu bulchaa aanichaa Obbo Ganamoo Bariisoo himan. Qonnaan bultoonni hojii misoomaa qamadii jallisii bonaa irratti bobba'uun hojjachaa jiranis carraa mootummaan isaaniif babal'isetti gargaaramuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyessuuf jabaatanii kan hojjatan ta'uu dubbachuusaanii biiroo qonnaa godinichaa wabeeffachuun waajjirri komunikeeshinii godina Arsii Lixaa gabaaseera.
Siyaasa
Dhaabbanni bu’ura misoomaa waraanaa, ijaarsa humna namaa fi hidhannoo guuttachuun Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira
Nov 11, 2025 73
Sadaasa 2/2018(TOI)-Dhaabbanni bu’ura misoomaa waraanaa, ijaarsa humna namaa fi hidhannoo guuttachuun Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jiraachuu ajajaan humna qilleensaa FDRI Itiyoophiyaa Letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan. Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ayyaana hundeeffama humna qilleensaa EDRI waggaa 90ffaa ilaalchisuun ibsa gaazexessummaa kennaniiru. Ayyaana hundeeffamaa kana sababeeffachuun fiigichi km. ilaalchisuunis kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Alamaayyoo Asaffaa, pirezidaantiin federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Silashii Sihin fi hoogganaan waajjira federeeshinii atileetiksii Oromiyaa inistiraaktarri intarnaashinaalaa Shimallis Daawit ibsa kennaniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa humna qilleensaa FDRI mata duree “humni qilleensaa Itiyoophiyaa asxaa tokkummaa fi bilisummaa” jedhuun kabajama. Ajajaan olaanaa humna qilleensaa Letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsa kennaniin, humni qilleensaa seenaasaa waggaa 90 keessatti carraa ol ka’uu fi gadi bu’uu keessa darbuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa hunda dura tajaajiloota mootummaa ammayyaa kanneen akka humna qilleensaa, telekomunikeeshinii, baankii fi kkf kennuu kan eegalte biyya guddoo fi durii ta’uushee dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyya guddoodha yoo jennu sababa qabna kan jedhan letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa, dhaabbilee maqaa olaanaa qaban Itiyoophiyaan ijaarte keesaa humni qilleensaa EDRI isa tokko ta’uu ibsaniiru. Humni qilleensaa FDRI waggoota 90 dabarse keessatti birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa haala amansiisaan eegsisuuf hojjechaa turuu ibsaniiru. Daandiin qilleensaa birmadummaa Itiyoophiyaaf aarsaa lubbuu kaffaluun gootota biyya tursa horachuusaa ibsaniiru. Hojiileen birmadummaa biyyaa eeguuf raawwate kabaja ayyaana waggaa 90ffaa irratti agarsiisaaf ni dhihaata jedhaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna namaa, bu’ura misoomaa waraanaa fi hidhannoon dandeettiisaa guuttachuun dhaabbanni Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Ayyaanni hundeeffamaa baranaa sadarkaa idil addunyaatti miidhagina akka qabaatu yaadamee akka kabajamu ibsanii, fiigichi km. 10 mata duree “Humna koo guutuun humna qilleensaa Itiyoophiyaaf nan fiiga” jedhuun akka gaggeeffamu dubbataniiru. Fiigichi kun waggaa waggaan dhaabbataa ta’ee akka itti fufu eeruun hundi hirmaachuu akka danda’u eeraniiru. Kana malees ayyaanni hundeeffamaa kun konfiraansii, Egzibiishinii, agarsiisa qilleensaan fi kanneen kana fakkaataniin dammaqee ni kabajama jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishoooftuu Alamaayyoo Asaffaa, Itiyoohiyaa dachee lammiileen biyya isaanii gootummaan kabachiisan ta’uu ibsaniiru. Birmadummaa Itiyoophiyaa kabachiisuun immoo Humni qilleensaa FDRI qooda olaanaa fudhata. Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti fiigichi Humna qilleensaa FDRI km. 10 gaggeeffamu guddina Magaalichaaf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Humna qilleensaa FDRI asitti argamuun barbaadamuu fi filatamuu magaalichaa guddiseera jedhaniiru. Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa komaandar Silashii Sihiin fiigichi Humna Qilleensaa km 10 dorgommii Idil-Addunyaa ta’uu ibsaniiru. Dorgommichaan biyyoota ollaa dabalatee Atileetonni idil-Addunyaa akka hirmaatan ibsuun, injifattoota dorgommichaaf birriin walakkaa miiliyoonaa qophaa’eera jedhaniiru.
Guyyichi obbolummaa fi hedduummina haala cimsuun ni kabajama
Nov 10, 2025 234
Sadaasa 1/2018(TOI)- Guyyaan sabaa,sab-lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa baranaa obbolummaa fi hedduumina caalaatti haala cimsuun akka kabajamu manni marichi beeksise. Guyyaan sabaa, ablammootaa fi uummattoota Itiyopophiyaa 20ffaan mata duree “Walii galtee Dimokiraatawaa Tokkummaa sab-daneesummaaf” jedhuun sadarkaa biyyoolessaatti Sadaasa 29 bara 2018 Qopheessummaa Naannoo Gidduugala Itiyoophiyaan ni kabajama. Itti gaafatamaan waajjira Mana Maree Sab-lammootaa Naannichaa Tashoomaa Lamjaaboo TOI’f akka ibsanitti, guyyichi naannoolee hundatti akka kabajamuu fi sadarka naannootti magaalaa Saajaatti sadaasa 22 bara 2018 sagantaan guduunfaa ni jiraata. Bu’uuruma Kanaan guyyicha sababeeffachuun har’aa eegalee guyyoota walitti fufaa 10’f Idileessuu Barsiisa Heera Mootummaa fi Federaalizimiirratti leenjiin sadarkaa sadarkaan akka kennamu eeraniiru. Dabalataanis arjooma dhiigaa, harka qal’eeyyii deeggaruu fi ijoollee harka qal’eeyyiif meeshaalee barnootaa walitti qabuu dabalatee hojiiwwan tola ooltummaa biroon akka raawwataman eeraniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti immoo Magaalaa Walqixxeetti bazaarii fi simpooziyeemiin akka gaggeeffamu eeruun Sadaasa 29 bara 2018 Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu ibsaniiru. Keessummoota ayyanicharratti hirmaataniif qophiiwwan tajaajila mijataa kenuu dandeessisan xumaramaa jiraachuus beeksisaniiru. Guyyichi obbolummaa fi hedduummina caalaatti kan dagaagsudha jedhaniiru. Guyyichi kabajamuun Tuurizimii Naannichaa, aadaa, misooma beeksisuu fi hojiiwwan misoomaa caalaatti raawwachuuf kaka’umsa guddaa uumuusaa kaasaniiru.
Ergamaa fi dirqama nuuf kenname ga’umsa olaanaan raawwachuuf qophoofneerra-loltoota eebbifamtoota ajaja bahaa
Nov 10, 2025 176
Sadaasa 01/2018 (TOI)- Ergamaa fi dirqama kennameef ga’umsa olaanaan raawwachuun birmadummaa biyyaafi nageenya ummataa kabachiisuuf qophaa’uusaanii loltoonni ittisaa biyyaatti ajaja bahaa dubbatan. Jiddu galli leenjii ajaja bahaa loltoota ajajichaa koorii garagaraa leenjii gabbisa dandeettii leenji’an eebbisiisuunsaa niyaadatama. Loltoonni eebbifamtoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan, ergamaa fi dirqamasaanii kutannoo olaanaan raawwachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Kanneen keessaa loltuu Tamasgeen Baqqalaa biyyaa fi ummata koof jaajala guddaan qaba, kanaaf amanamumaa fi kutannoon tajaajiluun qooda koo nan baha jechuun ibseera. Leenjii arganneen dandeettii cimaa arganneerra kan jedhu loltuu Tamasgeen, dirqama kennamu kamiyyuu amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf kutataa fi qophii ta’uusaa beeksiseera. Leenjii Kanaan ga’umsa qaamaa fi tooftaawwan loltummaa dabalatee barumsa saayinsii loltuu garagaraan dandeettiisaa kan cimsee fi leenjii dirqama kennamu ga’umsaan bahachuuf dandeesisu argachuu isaa kan dubbate ammoo loltuu Kaasaayee Tigistuudha. Keessumaa baandaawwan nagaa fi tasgabbii biyyaa fi ummataa boressan, finxaaleyyii fi ergamtoota dhabamsiisuuf qophii ta’uu dubbateera. Leenjichaan dandeettii fi Xin-sammuun akkasumas tooftaa loltummaa Ammayyaa’aa sirnaan arganneerra kan jedhemmoo loltuu Oliyaada Baqqalaati. Gootummaa Abbootii keenyarraa dhaalle gonfachuun nageenyaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa hanga Aarsaa lubbuutti kaffaluun dirqama koo bahuuf qophaa’eera jechuun ibseera. Leenjiftoota giddu-galichaa keessaa Itti Aanaa Ajajaa Dhibbaa Jireenyaa Geetahuun gamasaaniin, loltoonni kun aggaammiiwwan Itiyoophiyaa fi ummatasheerratti aggaamaman kamiyyuu qolachuuf gahumsa agachuu isaanii dubbataniiru. Yeroo fi haala kamiyyuu keesatti dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaa cimaa fi cichooma kaayyoon raawwachuuf kutannoo Qabaachuu Itti Aanaan Ajajaa dhibbaa Jireenyaan kan mirkaneessan. Itti Aanaan Ajaja, Ajaja Bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee, leenjitootni miseensota raayyaa yeroo fi bakka kamittuu dirqama itti kennamu deebii gitu kennuuf kandandeessisu qophii fi ejjennoo guutuu kan gabbifatan ta’uu yeroo eebbaa mirkaneessaniiru. Miseensonni raayyaas dandeettii gidduugalichatti argatan fayyadamun ergama Heera Mootummaa fi Dhaabbatummaa gootummaan gonfachuunii fi amala uummattummaa uffachuun bahuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.
Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurame
Nov 9, 2025 361
Onkoloolessa 30/2018(TOI)- Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurameera. Itti aanaan pirezidaantii paartichaa fi hoogganaan waajjira muummee paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah akka beeksisanitti, leenjiin hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaaf mata duree”ilaalcha mootummaa ida’amuutiin, tarkaanfannaa sektarootaa” jedhuun mata dureewwan garagaraa irratti Onkoloolessa 19 amma 30tti magaalaa Adaamaa fi Finfinneetti kennamaa ture qajeelfama pirezidaantiin paartii badhaadhinaa Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin har’a milkaa’inaan xumurameera jedhan. Hooggantoonni paartii keenyaa guutuu Itiyoophiyaarraa walitti dhufan 2000 ta’an kan irratti hirmaatanii fi leenjii tokkummaa yaadaa uumuu fi raawwii qabatamaa guddisuuf faayidaa olaanaan irraa argame Kanaan paartiin keenya fakkeenya sab daneessummaa ta’uunsaas qabatamaatti lan iratti calaqqisedha jechuun ibsaniiru. Qindeessitoonni, leenjiftoonni, mariisiftoonni, dhaabbileen nageenyaa, mootummaan naannoo Oromiyaa fi dhaabbileewwan mootummichaa garagaraa, bulchiifni magaalaa Adaamaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi hooggantoonni leenjicharratti hirmaattan hundi leenjichi jalqabamee amma xumuramutti gumaacha taasitaniif maqaa paartii badhaadhinaatiin galata onneerraa madden isiniif galcha jedhaniiru obbo Adam Faaraah ergaa dabarsaniin.
Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itti fufeera- Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee
Nov 8, 2025 506
Onkoloolessa 29/2018(TOI)-Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itt fufu Itti Aanaan Ajajaa Ajajichaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee ibsan. Ajajichi loltoota giddu-gala leenjiitti leenjii gahumsa ijaarsaa kenneef eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarrtti keessuuma kabajaa ta’uun kan argaman Itti Aanaan Ajaja bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee akka ibsanitti, ajajichi birmadummaa biyyaa fi nageenya ummataa gahumsaa fi gootummaa cimaan eegsisaa jira. Keessumaa Ajajichi ergamaa fi dirqama yeroo adda addaa itti kenname gahumsa guddaan milkaa’inaa gaarii galmeessisaa jiraachuu dubbataniiru. Finxaaleyyiin fi ergamtootasaanii nageenya hawaasaa booressan barbadeessuun injifannoo boonsaa galmeessuusaa kaasaniiru. Ajajni bahaa dirqamni kennameef gahumsaan, kutaanoo fi gootummaan bahuusaa caalaatti cimsee itti fufuusaa Meje Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee mirkaneessaniiru. Leenjichi miseensi loltuu yeroo fi bakka kamittuu sodaa nageenyaa uumamuuf deebii isa gitu kennuu kan danda’uu fi gahumsaa fi qophii guutuu ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Miseensonni raayyaas beekumsa giddu-galichatti argataniin ergama heera mootummaa fi dhaabbataa gootummaan hidhachuunii fi amala ummatummaa guutamuun bahuu akka qaban hubachiisaniiru. Ajajaan jiddu-gala leenjii ajaja bahaa koloneel Alii sa’iid gamasaaniin, eebbifamtoonni misensota raayyaa kooriiwwan ajajichaa adda addaa keessaa kan bahan ta’uu dubbataniiru. Miseensonni raayyichaa turtiisaanii giddu-galichaan beekumsa loltuu ammayyaa’aa fi ogummaa argataniin dirqama itti kennamu gahumsaan akka bahan kan deeggarudha jedhaniiru. Sirna eebbaa kanarratti Qondaaltonni olaanoon Ajajichaa, komishineeronni poolisii Hararii fi Somaalee fi qondaaltonni biroon akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru.
Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwatan
Nov 8, 2025 334
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)-Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetaman daawwatan. Daawwannaa Kanaan, pirojektoota namarratti xiyyeeffatan magaalattiitti hojjetamaa jiran dabalatee hojiiee misoomaa biroo daawwataniiru. Gaaffii mana jireenyaa lammiileef deebisuuf filaata garagaraa fayyadamuun hojjetamaa akka jiru wayita kana ibsameeraaf. Hojiilee misooma manaa kunneen gaaffilee mana jireenyaa deebisuun gamatti lammiileef tajaajila hawaasummaa kennuuf akeekamanii hojjetamuunsaanii ibsameera. Sirna gabaa yaadama badhaadhinaan sirrate diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii hojjetamaa jiraachunis eerameera. Kun ammoo caancala faddaalaa kutuun namoonni kallattiin qonnaan bulaarraa oomisha akka argatan gargaaruun alatti, qaala’insa jireenyaa hir’isuun qooda guddaa bahaa jira jedhameera.
Humni qilleensaa guddaan guddummaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Nov 6, 2025 579
Onkoloolessa 27/2018 (TOI)- Humni qilleensaa guddaan guddummaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira jechuun ibsan ajajaan olaanaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa. Ajajaan olaanaa kun guyyaa hundeeffama humna qilleensaa waggaa 90ffaa ilaalchisuun jiraattota magaalaa Bishooftuu fi naannawashee waliin marii gaggeessaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa bara baraan birmadummaa biyyaa kabachiisuun gootummaa boonsaa raawwachuusaa ajajaan olaanaa kun wayita kana ibsaniiru. Yeroo ammaas dhaabbata guddummaa Itiyoophiyaa madaaluu fi ummanni itti boonu ijaaramaa jira jedhaniiru. Ayyaanni hundeeffamaa waggaa 90ffaa mata duree “humni qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo bilisummaa fi tokkummaa” jedhuun qophiilee garagaraan kabajamaa akka jiru beeksisaniiru. Guyyaan hundeeffamaa kun eksipoo aviyeeshinii, agarsiisa qilleensarraa fi qophiilee birootiin akka kabajamu ibsameera. Guyyaan hundeeffamaa kun guddina biyyaa, dhaabbataa akkasumas magaalaa Bishooftuu fi maqaa gaarii beeksisuuf qooda olaanaa akka qabu ibsanii, jiraattonni magaalattii miidhagsuu fi nageenyashee eegsisuuf hirmaannaasaanii akka cimsan gaafataniiru.
Mariin hariiroo Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa gara tumsa tarsiimawaa olaanaatti ceesisuuf kaayyeffate gaggeeffame
Nov 5, 2025 572
Onkololessa 26/2018 (TOI)- Mariin hariiroo Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa gara tumsa tarsiimawaa olaanaatti ceesisuuf kaayyeffate gaggeeffameera. Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos fi ministirri faayinaansii Ahimad Shidee itti aanaa hoogganaa waajjira hojii raawwachiisaa pirezidaantii Ruusiyaa Maksiim Oreshkiin fi ministira misooma dinagdee Ruusiyaa Maksiim Reshetniikoov waliin mari’ataniiru. Marii isaaniin, dhimmoota tarsiimawaa fi dinagdee irratti mari’achuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ibseera. Akkasumas misooma fulla’aa, nageenya riijinii, misooma waloorratti mari’achuunsaanii ibsameera. Ministirri Dr. Geediyoon Ximootiwoos wayita kana, deeggarsa fulla’aa Ruusiyaan dameelee tumsaa garagaraa irratti gooteef galateeffataniiru. Fuulduras qonna, Maanuufaakchariingii, ayisiitii, misooma albuuda, sibiila, Niwuukilaaraa fi dameelee birooon tumsaan hojjechuuf kan dandeesisu haalli invastimantii mijataan akka jiru hubachiisaniiru.

Hawaasummaa
Sirni Awwaalchaa Qorataa seenaa fi Barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge. Delleboo raawwatame
Nov 11, 2025 39
Sirni Awwaalchaa Qorataa seenaa fi Barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge. Delleboo raawwatame Sadaasa 2/2018(TOI)-Sirni Awwaalchaa Qorataa Seenaa beekamaa fi barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Mana Amantaa Pheexiroos wa-phaawuloositti gaggeeffameera. Qondaaltonni Mootummaa olaanoon, Maatii Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo fi firootaa fi jallattotnisaanii sirna awwaalchaarratti argamaniiru. Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Bulchiinsa kanbaataa fi Hadiyyaa durii kufaalaa Hafula Habaleetti Caamsaa 12 bara 1930 kandhalatan Barnoota sadarkaa 1ffaa Mana barumsaa mishinii bichoo Hosaa’inaatti, barnoota sadarkaa 2ffaa immoo Mana Barumsaa Atsegalaawudiwoos sadarkaa 2ffaa fi akkaadaamii Baayibiliitti hordofaniiru. Falaasamaa fi seenaan digirii jalqabaa hanga Digirii doktoreetiitti Amerikaatti barataniiru. Dhumarratti Pirofeesarummaaa argatanii, waggaa lamaaf Verjiiniyaatti Yuunvarsiittii yuuniyanitti barsiisaa turaniiru. Bara 1966 fincila Itiyoophiyaa hordofee gara biyyasaaniitti deebi’uun, qorataa seenaa fi barsiisuun biyyasaanii tajaajilaniiru. Qorannoo seenaa Itiyoophiyaa keessatti Ashaaraasaanii kan kaa’an Pirofeesarichi , guddina seenaa Itiyoophiyaatiif kitaaba gumaachan kaa’anii darbaniiru. Kitaabota Seenaa dheeraa ummata fi Mootummaa Itiyoophiyaa, Bu’uura Seenaa Itiyoophiyummaa, qooda galaana diimaa fi Abbay, seenaa gabaabaa ummata Geedi’oo dabalatee Seenaa Itiyoophiyaa hedduurratti kitaabota barreessaniiru. Qorannoowwan tokkummaan sab-damneessuumaa akka dagaaguu deegaran hedduu gaggeesaniiru. Qorataan seenaa Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Maatii kan qabanii fi Abbaa ijoolee dubaraa sadii kan turan yoo ta’u, dhibee isaan mudateen yaalamaa turanii umriisaanii waggaa 87tti du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Tajaajila fayyaa Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan galmaa’aa jira- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Nov 10, 2025 206
Sadaasa 1/2018(TOI)-Tajajila fayyaa lammiilee Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan galmaa’aa jiraachuu Pirezidant Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Ministeerri fayyaa dhiheessii qorichaa fi dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa si’ataa taasisuuf appilikeeshinii bilbilaa ‘Xeeninnatee’ jedhu eebbisiiseera. Dabalataanis sirna bobbii Ambuulaansii ‘lebeggoo’ jedhuuu fi odeffannoo fayyaa fi tajaajila gorsaa waamicha sarara bilbila bilisaa 952 hojii eegalchiiseera. Pirezidant FDRI Taayyee Atsqasillaasee wayita kana akka jedhanitti, dhukkuba ittisuuf ammaan dura yaalanii fayyisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamnuu ibsaniiru. Tajaajila fayyaa lammiilee Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aan galmessaa jiraachuu eeruun, guyyaa har’aa appililkeeshiniin ifoome tajaajila fayyaa lammiilee si’ataa, haqa qabeessaa fi qulqullinasaa eeggate argachuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniiwwan dandeettii ofiin hojjetaman sirna fayyaa kan deeggaran ta’uu kaasuun sirna fayyaarratti qooda mataasaanii akka gumaachan amantaa qaban ibsaniiru. Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa gamasaaniin, damee fayyaa dhaqqabamaa fi si’ataa taasisuuf teekinooloojiin murteessaa ta’uu dubbataniiru. Miniateerichi fayyaa lammiilee fooyyessuuf tarsiimoowwan adda addaa bocee hojjechaa jirachuu dubbachuun, appilikeeshiniiwwan guyyaa har’aa hojiirra oolan qaama kanaati jedhaniiru. Appilikeeshiniin fayyumaa koo jedhu Yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hawaasni salphaatti akka qoricha argatu yaadamee kan misoome ta’uu dubbataniiru. Sirna Bobbii Ambuulaansii Lebeggoo jedhuu fi bilbila bilisaa 952 giddugaleessaa tajaajila fayyaa tasaaf qooda olaanaa akka qaban kaasaniiru. Appilikeeshiniiwwan Guyyaa har’aa eebbifaman walii gala sirna fayyaa kan ceessisan ta’uu eeraniiru. Sagantichaarratti pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee dabalatee, ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa, kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, bulchitoonni naannoolee, Itti Gaafatamtuu Pirees Sekretariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum akkasumas, qondaaltonni olaanoo fi keessummoonni waamichi taassifameefii argamaniiru.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa du’a piroofeesar Laphisoo Ge Delebootti gadda itti dhaga’ame ibsan
Nov 10, 2025 128
Onkoloolessa 30/ 2018(TOI)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa du’a piroofeesar Laphisoo Ge Delebootti gadda itti dhaga’ame ibsaniiru. Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin hawyyuu fi qorataan seenaa Itiyoophiyaatti abbaa seenaa jedhamuun kan beekaman piroofeesar Laaphisoo Ge Delleboo du’aan boqochuusaaniitti gaddeera jedhaniiru. Piroofeesar Laaphisoo bara lubbuun jiratitti biyya keenyaaf akkasumas qu’annoo fi qorannoo seenaa Afriikaa keessatti gumaacha olaanaa gumaachaniiru jedhaniiru. Hayyuun kun kitaaba seenaa garagaraa kan maxxansiisanii fi damee Kanaan iddoo guddaa kan qaban turan jechuun ibsaniiru. Waaqayyo lubbuusaanii jannata haa galchu kan jedhan itti aanaan ministira muummee maatiisaanii, firoottan isaaniif jajjabina hawwaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad du’a piroofeesar Laphisoo Ge Delebotti gadda itti dhaga’ame ibsan
Nov 10, 2025 127
Onkoloolessa 30/2018(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad du’a piroofeesar Laphisoo Ge Delebotti gadda itti dhaga’ame ibsaniru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa gaddaa dabasaniin hayyuun seenaa piroofeesar Laaphisoo Ge Delleboo waldhaanamaa turanii du’aan boqochuusaanii gadda guddaanan dhagahe jedhsaniiru. Lubbuunsaanii jannata akka galu, maatiisaanii fi firoottansaniif jajjabinan hawwa jedhaniiru
Diinagdee
Baatii sadan darban Godina Shawaa Bahaatti namoota kuma 40’f carraan hojii uumameera
Nov 11, 2025 37
Sadaasa 2/2018 (TOI)- Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018 naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti dameelee hojii garagaraatiin namoota kuma 40 ta’aniif carraan hojii uumamuusaa waajjirri hojii fi ogummaa godinichaa ibse. Hoohhanaan waajjirichaa obbo Habtaamuu Abdataa TOI’f akka ibsanitti, godinichatti namoota hojii hin qabne hojii qabsiisuuf hojjetmaa jira. Kanneen hojii hin qabne adda baasuun keessumaa Yunivarsiitii fi kolleejotarraa kan eebbifaman dabalatee kanneen hojii barbaadan biroof leenjiin ogummaa daldalaa fi intarpiruunarshiippii kennamuu wabeeffataniiru. Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018tti dameelee hojii garagaraatiin namoota kuma 40 ta’aniif carraan hojii uumameera jedhan. Carraan hojii kan uumameef keessaa hidhattoonni duraanii waamicha mootummaa fudhatan keessatti argamu jedhaniiru. Haala Kanaan dargaggoonni aanaalee Aqaaqii, Adaamii Tulluu, Ada’aa, Lumee fi aanaalee godinichaa biroo waamicha nagaa fudhatan carraa kanatti fayyadamuusaanii ibsaniiru. Carraan hojii kan uumame dameelee daldala, loon horsiisuu fi gabbisuu,damee qonnaa, albuuda, Maanufaakchariingii fi ijaarsaan ta’uu dubbataniiru. Dargaggoota hojii eegalaniif lafa qonnaa dabalatee bakki hojii fi gurgurtaa karaa aanaalee, magaalotaa fi gandootaa kennamuufii dubbataniiru. Dargaggoota godinichatti hojii hin qabnee fi hojiitti gala jiraniif liqaa birrii miiliyoona 600 caalu dhiheessuuf karoorfamee amma ammaatti liqiin birrii miiliyoona 100 ol kennamuu ibsaniiru.
Magaalota jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa jira
Nov 11, 2025 45
Sadaasa 2/2018(TOI)- Magaalota Itiyoophiyaa jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii ibsan. Foramiin magaalotaa 10ffaan Sadaasa 6 amma 10 bara 2018tti naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti ni kabajama. Ministirri magaalaa fi misooma bu’uraa Caaltuu Saanii kbaja ayyaanichaa ilaalchisuun gaazexeessotaaf ibsa kennaniiru. Ministirri kun ibsa kennniin foramii magaalotaa 10ffaa irratti magaalonni 150 caalanii fi magaalonni obbolaa biyyoota ollaarraa dhufan akka hirmaatan dubbataniiru. Foramichi mata duree “Guddinni magaalotaa ga’oomuu Itiyoophiyaaf” jedhuun akka kabajamuu fi hojiileen mootummaan magaalota ammayyeessuuf itti jiru irratti mariin fi muuxannoon akka qoodamu ibsaniiru. Magaalonni guddinoota hundaa fi agarsiiftuu badhaadhinaa ta’uusaanii kaasanii, magaalota agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ibsaniiru. Bu’ura misoomaa magaalotaa guutuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanaaf ammoo misooma kooriidaraa wabeeffataniiru. Misoomni Kooriidaraa magaalota 73 ol keessatti hojjetamaa jiraachuu eeranii, magaalonni jiraataaf mijataa fi galii dabalataa akka argamsiisan mootummaan hojjechaa jira jedhaniiru Karoora misoomaa waggaa kudhaniin wal qabatee hojiin magaalonni hojjechaa jiran ilaalchisee mariin akka gaggeeffamu eeraniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 147 ol irratti jallisii bonaan qamadii misoomaa jira
Nov 11, 2025 39
Sadaasa 2/ 2017 (TOI)-Godina Arsii Lixaatti lafa hektaara kuma 147 fi 500 irratti jallisii bonaan aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadiin misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise. Karoora imala badhaadhinaa qabame dhugoomsuu fi dinagdee qulqullina qabu karaa itti fufinsa qabuun mirkaneessuuf oomishaa fi oomishtummaa guddisuun murteessaa ta’uun ibsameera. Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf immoo waqtiiwwan oomishaa hundi hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uun . Hoogganaan Waajjira Qonnaa godinichaa Dr. Abdullahii Beekaa, qonni keenya kaleessa rooba qofa irratti hirkatee ture yeroo ammaa jallisii bonaatiin deeggaramuun bu'aan jajjabeessaan mul'achaa jiraachuu eeraniiru. Godinichatti badhaadhina milkeessuuf bona jallisiin ganna roobaan oomishuun wabii nyaataa milkeessuuf xiiqiin hojjatamaa jiraachuu kan himan Dr.Abdullahiin, aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadiin facaafamaa jiraachuu dubbataniiru. Akka Aanaa Nageellee Arsiittis barana hojiileen qonnaa bal'inaan hojjatamaa Kan jiru yemmu ta'u, oomisha gannaa cinatti bonas jallisiidhaan lafa hektaara kuma 35 fi 500 ol irratti gandoota aanichaa shan keessatti jallisiidhaan qamadii misoomsuuf hojjatamaa jiraachuu bulchaa aanichaa Obbo Ganamoo Bariisoo himan. Qonnaan bultoonni hojii misoomaa qamadii jallisii bonaa irratti bobba'uun hojjachaa jiranis carraa mootummaan isaaniif babal'isetti gargaaramuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyessuuf jabaatanii kan hojjatan ta'uu dubbachuusaanii biiroo qonnaa godinichaa wabeeffachuun waajjirri komunikeeshinii godina Arsii Lixaa gabaaseera.
Godina Baaleetti Omishaa fi Qulqullina Bunaaf Xiyyeeffannon kennameera
Nov 11, 2025 39
Sadaasa 2/2018(TOI)- Godina Baaleetti omishtummaa bunaa guddisuun Omisha qulqullina qabu gabaa gidu-galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse. Godinichi Buna Sanyii fooyya’aa qabu buna bosonaa dabalatee sanyiiwwan bunaa Qorannoo Qonnaraa argaman bal’inaan omishuun gabaa giddu-galeessaaf dhiheessuun ni beekama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Geetaachoo Abbabaa TOI’f akka ibsanitti, godinichatti omishtummaa fi qulqullina bunaa eegsisuun callaa fooyya’aa gabaa giddu-galeessaaf erguuf hojjetamaa jira. Omishtummaa bunaa guddisuuf biqiltuuwwan buna dullooman hektaara kuma 2 fi 500 ol gamashuun biqiltuuwwan haaraan bakka buufamuu ibsaniiru. Qonnaan Bulaan qulqullina bunaa eegsisuuf Buna Diimate qofa akka funaanan, siree shiboorratti yookiin oobdii simmintoorratti akka gogsu hubannan kennamuu ibsaniiru. Godinichatti Aanaawwan Buna Omishanitti Qonnaan bultoonni kuma 26 caalaan Misooma Bunaarratti hirmaachuusaanii kan ibsan immoo waajjirichatti Dursaa Garee Misooma Bunaa fi kuduraalee obbo Wandasan Naggaa ti. Keessumaa omishtummaa dabaluuf hektarra irraa argamaa kan ture kuntaala 9 tuqaa 2 gara 10tti guddisuun bara omishichaatti buna kuntaala kuma 437 omishuun toonii kuma 15 gabaa giddu-galeessaaf dhiheessuuf gara hojii qabatamaatti seenuu dubbataniiru. Misoomicharratti kan bobba’an keessaa qonnaan bultota Aanaa Dalloo Mannaafi Harannaa keessaa Obbo Huseen Abdallaa fi obbo Mhimuud Bakkar yaada kennaniin, misooma bunaarratti leenjiin hojii qabatamaarratti hundaa’ee kenname adeemsa omishaarratti jijiirama gaarii fiduu dubbataniiru. Godina Baaleetti lafti hektaarri kuma 68 ol ta’u Biqiltuuwwan Bunaa kan dhaabbate ta’uu odeffannoon waajjira qonnaa godinichaarraa argame ni mul’isa.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii eebbifamee tajaajilaaf baname
Nov 11, 2025 35
Sadaasa 2/2018 (TOI)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii eebbifamee tajaajilaaf baname. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii bulchaan naannichaa Ordiin Badrii fi itti aantuu Komishinaraa komishinii paabiliik sarviisii FDRI Almaaz Massalaa bakka argamanitti eebbifamee tajaajilaaf banameera. Wiirtuun magaalichatti ijaarame boqonnaa jalqabaatiin dhaabbilee toorbatti tajaajiloota 22 qindeessuun kan kennu ta’uun beekameera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii akkaataa tajaajiloota kanneen karaa qindaa’een kennuuuf gargaaruun humna namaa fi teeknooloojiin gurmaa’ee hojii eegaluun ibsameera. Bulchaa naannichaa Ordiin Badrii fi itti aantuu Komishinaraa komishinii paabiliik sarviisii FDRI Almaaz Massalaa dabalatee hooggantoonni olaanoo naannichaa fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.
Teekinooloojiin deeggaramuun Hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa – Ejensicha
Nov 8, 2025 259
Onkoloolessa 29/2018(TOI)-teekinoolojiiwwan haarawaan deeggaramuun hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee akka ittifufu Magaalaa Finfinneetti Ejensiin Galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa fi civililii beeksise. Ejensichatti Daarektarri naamusaa fi farra malaammaltummaa Asnaaqechi Muhiyyee TOI’f akka ibsanitti, dhaabbatichi dhimmoota riifoormii guutuu gaggeesse keessaa hoj-maata teekinooloojii babal’isuudha. Bu’uuruma Kanaan tajaajilli kan kennamu siistamaan ta’uu eeruun kunis giddu galeessarra taa’uun tajaajiloota aanaatti kennamaa jiran ilaaluu kan dandeessisudha. Yeroo ammaa teekinooloojiiwwan adda addaa tajaajila kennaa jiran foyya’aa jiraachuu eeruun, yeroo dhihootti gara hojiitti galchuuf qophiin taassifamaa jirachuu beeksisaniiru. Hoj-maata badaa hanbisuuf hojmaanni teekinooloojiin deeggarame bu’a argamsiisaa jira kan jedhan daarektarri kun, fuuldurattis caasaalee hanga Aanaa jiran hojiiwwan teekinoloojii haarawaan deeggaraman itti fufu jedhaniiru. Hoj-maata badaa waliin wal-qabatee bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaan ogeeyyii 17 fi abbaa dhimmaa tokkorratti tarkaanfiin adda addaa fudhatamuu fi dhimmisaanii seeraan qabamuu ibsaniiru. Bara baajataa 2015 hanga 2017tti ragaa sobaan tajaajilamuu kan yaalan tajaajilamtoonni 188 fi dursaawwan gareenii fi ogeeyyii hoj-maata cabsan immoo tarkaanfiin seera qabeessi irratti fudhatamuu ibsaniiru. Adeemsa Hoj-maata badaa ittisuu fi to’achuuf keessatti shoorri teekinooloojii olaanaa ta’uu eeruun, gochichi waggaa waggaan hir’achaa dhufuu dubbataniiru. Tajaajilamtoonni ragaa sirrii dhiheessanii tajaajila argachuu akka danda’ani hubachiisuun, Alseerummaan yeroo isaan mudatu bilbila bilisaa 7533n eeruu akka kennan waamicha dhiheessaniiru.
Diree Dawaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa akka argannu nu taassiseera- Tajaajilamtoota
Nov 7, 2025 226
Onkoloolessa 28/2018(TOI)-Tajaajilliwiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jechuun jiraattonni bulchiinsa Diree Dawaa TOI’n dubbise ibsan. Diree Dawaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Ministirri tajaajila Koomunikeeshinii Mootummaa Innaatalam Mallasaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar fi hoggantoonni biroon bakka argamanitti Fulbaana 15 bara 2018 ifatti hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilichaan boqonnaa jalqabaan dhaabbilee adda addaa kudhan teekinooloojiin deeggaramuun tajaajiloota 28 kan kenna nyoo ta’u, kanaanis maamiltoonni hedduun keessummeeffamaa jiru. Nammonni gidduu gala tajaajilichaatti argaman TOI’f akka ibsanitti, tajajilli wiirtuu tokkoo Masoob deeddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jedhaniiru. Jiraattonni gidduugalichatti tajaajilaman akka ibsanitti, gidduugala hoj-maata dijitaalaan gurmaa’een tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa argachuuf nu dandeessiseera jedhaniiru. Tajaajilamtoota keessaa obbo Abbabaa Asaffaa fi Aadde Biraanee waldasillaasee, tajajilichi maallaqaa fi yeroo, kan qusatu akkasumas, deddeebbii kan hanbisu waan ta’eef gammadneerra jedhaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hunda caalaa tajaajilamtootaaf hiika guddaa kan qabu waan ta’eef bakkeewwan hundatti otoo babal’ate gaariidha jechuun yaadasaanii kennaniiru. Obbo Adam Aliyyii fi Fandishee Taajuu yaada kennaniin dhaabbilee adda addaa bakkwwaan walirraa fagaatanitti tajaajilli kennamaa turan, wiirtuu tokkotti argachuu keenyaan hojimaata itti gammadnedha jedhaniiru. Hojmaatni akkasii jijjiiramni bu’uuraa kan itti argamu deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa kennuuf kan dandeessisu waan ta’eef babal’achuu qaba jedhaniiru. Biiroon sivil sarviisii fi qabeenya nama Diree Dawaa gidduugalichatti dhaabbilee dabalataa biroo tajaajila eegalchiisuuf qophii taassisaa jiraachuu beeksiseera.
Itiyoo-koodarsiin dandeettii dorgommii idil addunyaa lammiilee guddisuun ijaarsa dinagdee dijitaalaaf qooda ijoo bahachaa jira
Nov 4, 2025 329
Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Itiyoo-koodarsiin dandeettii dorgommii idil addunyaa lammiilee guddisuun ijaarsa dinagdee dijitaalaaf qooda ijoo bahachaa akka jiru ministeerri innoveeshinii fi teeknooloojii beeksise. Sagantaan Inisheetiivii Itiyoo-koodarsii miiliyoona 5niin eegalame dirree leenjii lammiileen beekumsaa fi ogummaa karaa onlaayinii itti argatan uumeera. Inisheetiivii Kanaan lammiileen kaffaltii malee bakka jiranirraa karaa intarneetii leenjii pirogiraamingii, Saayinsii Daataa, Andirooyidii fi hubannoo nam-tolchee akka hordofan gochaa jirti. Ministeera innoveeshinii fi teeknooloojiitti dursaan hojii raawwachiisaa misooma dinagdee dijitaalaa Siyyum Mangashaa, bu’uraaleen misoomaa dijitaalaa tajaajiloota mootummaa mijeessuun milkaa’ina qabatamaa galmeessisaa jiru jedhaniiru. Leenjiim koodarsii erga eegalamee asitti pirogiraamingii, Saayinsii Daataa, Andirooyidii fi hubannoo nam-tolcheenlammiileen miiliyoona 2 tuqaa 4 leenjii fudhachaa jiru jedhaniiru. Kanneen keessaa miiliyoona 1 tuqaa 6 leenjii xumuranii sartifikeettii fudhatanii sartafikeettii fudhachuusaanii beeksisaniiru. Xumura bara bajataa 2018 lammiilee leenjii Itiyoo Koodarsii fudhatan miiliyoona 4’n gahuuf naannolee fi qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Ispoortii
Taphni eeggamaa ture Maanchisteer siitiin liver puuliin Injifachuun sadarkaasaa gara 2ffaatti guddiseera
Nov 10, 2025 162
Sadaasa 1/2018(TOI)- Piriimer liigii Ingilizitti sagantaa torban 11ffaan Maanchisteer siitiin liver puuliin 3 fi 0 injifateera. Tapha Halkan Istaadiyeemii Itihaatti gaggeeffameen Arliing haalaandi, Zyirmii dokuu fi Niiko gonzaalez goolii injifannoo lakkoofsisaniiru. Arliingi Haalaandi taphichaan rukkuttaa adabbii argatee balleesseera. Siitiin taphichaan morkataasaarra haala fooya’een carraawwan gooliif dhihaatan uumeera. Bu’icha hordofee Maanchisteer siitiin liigichatti injifannoo torbaffaa galmeessisuun qabxii 22 gara sadarkaa 2ffaatti guddisaniiru. Dursaa Liigichaan Arsenaal garaagarummaa qabxii qabu gara 4tti gad-buuseera. Faallaasaan liigichatti yeroo shan kan Injifatame Liverpuul qabxii 18n gara sadarkaa 8ffaatti gad- bu’eera. Arliingi Haalaand liigichatti baay’ina gooliiwwan lakkoofsiseen gara12tti guddisuun galchii goolii hedduu lakkoofsisuusaa cimseera. Haaluma wal-fakkaatuun taphoota biroo har’a gaggeeffamaniin Astonviilaan bornimawuzin 4 fi 0 yoo injifatu Birentifordi Niwukaastiliin yunaayitidiin, Notingihaam foresti liidsi Yuunaayitidiin haaluma walfakkaatuun 3 fi 1 injifateera. Kiristaal paalas biraayiteeniin goolii malee wal-qixa adda bahaniiru. Piriimer liigii Ingilizitti tapha gareewwan biyyoolessaa Idil-Addunyaan booda torban lamaa booda sagantaa torban 12ffaa ni deebi’a.
Piriimar Liigii dubartootaan Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa injifannoo walitti aanaa galmeessise
Nov 8, 2025 241
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)-Torban shanaffaa Piriimar Liigii Dubartootaa Itiyoophiyaatiin Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa kutaa magaalaa Boolee 3 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen Masaayi Tamasgeen galchii lama yoo galchitu Radi’eet Asrassaaheny tokko galchiteetti. Akkaataa qabxiikanaan mo’ataan liigichaa kan yeroo baankiin daldalaa Itiyoophiyaa taphni lama osoo isa hafuu qabxii jahaan sadarkaa afraffaa qabateera. Tapha Liigichaan yeroo sadii kan mo’ame kutaan magaalaa Boolee qabxii wal fakkaataa jahaan galchiin caalamee sadarkaa jahaffaa qabateera. Tapha biraa har’a gaggeeffameen Machaala Magaalaa Arbaa Minci 2 fi 0’n mo’ateera.
Bunni Sidaamaa Liigichaan dursuu eegale
Nov 8, 2025 209
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)-Torban shanaffaa piriimer liigii Itiyoophiyaatiin Bunni Sidaamaa Midire gannet Shiree 2 fi 1’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti gaggeeffameen Fiqrayyasuus Takla Birhaan fi Birhaanuu Baqqalaa galchii mo’annaa galchaniiru. Abeel Maammush Midira gannet Shireef galchii tokko galcheera. Bunni Sidaamaa Liigichaan yeroo afur mo’atee qabxii 12’n liigicha dursuu eegaleera. Gama biraan bara dorgommii kana yeroo lama kan mo’ame Midire Gannat Shireen qabxii shaniin sadarkaa 11ffaa qabateera. Madin Itiyoophiyaa fi magaalaan Arbaa Minci Istaadiyeemii Finfinneetti taphatanii galchii malee gargar bahaniiru. Taphataan magaalaa Arbaa Minci Yihun Indaashaawu daqiiqaa 51’n kaardii keelloo lamaa kaardii diimaan dirreerraa baheera. Mo’ataan liigichaa kan yeroo Madin Itiyoophiyaan qabxii shaniin sadarkaa 10ffaa yoo qabatu, magaalaan Arbaa Minci qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa qabateera.
Piriimer liigiin dubartootaa Itiyoophiyaa torban 5ffaan har’a eegala
Nov 7, 2025 227
Onkoloolessa28/2018(TOI)- Piriimer Liigii dubartoota Itiyoophiyaa torban shanaffaa oolmaa guyyaa jalqabaan taphoonni sadii Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffamu. Guyyaa sa’aatii 4:00 Magaalaan Dirree Dawaa Magaalaa Hawaasaa waliin taphatu. Magaalaan Dirreedawaa liigichatti taphoota Afur gaggeesseen yeroo tokko yoo injiftu , yeroo sadii mo’ameera. Garichi qabxii sadiin sadarkaa 10ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Hawaasaa taphoota 4 keessaa 3 yoo injifatu yeroo tokko mo’ameeera . Magaalaan Hawaasaa qabxii sagaliin sadarkaa 2ffaa irratti argama. Magaalaan Finfinnee magaalaa shaggar waliin guyyaa sa’aatii 7:00 tapha saanii gaggeessu. Magaalaan Finfinnee qabxii 3 sadarkaa 12ffaa, Magaalaan Shaggar qabxii 6 sadarkaa 5ffaa qabateera. Sagantaa guyyaa dhumaan Kutaan Magaalaa Lidetaa fi humni ibsaa Itiyoophiyaa guyyaa sa’aatii 9:00 waliin taphatu. Kutaan Magaalaa Lidetaa qabxii shaniin sadarkaa 7ffaa kan qabate yoo ta’u , humni ibsaa Itiyoophiyaa qabxii 12n liigicha dursa. Humni ibsaa Itiyoophiyaa yoo injifate dursummaa liigichaa ni jabeessa. Piriimeer Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa torban shanaffaan hanga Onkoloolessa 30 bara 2018 ni tura.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Gaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf
Nov 8, 2025 225
Onkoloolessa 29/2018(TOI )-Afriikaan Kadhaa hin barbaaddu gaaffiin keenya haqa qabeessummaa haala qilleensaa fi dhiheessii faayinaansii haala qilleensaa jiraachuiuu qaba kan jedhudha jechuun Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf iGaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf bsan. Jijiirama haala Qilleensaaf Qooda xiqqaa kan qaban biyyoonni Afriikaa harqoota miidhaa guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Yaa’iin jijiirama haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 30ffaan (kop-30) Sadaasa 1 hanga 12 bara 2018tti Biraazil Beelemitti gaggeeffama . Mata dureen yaa’ichaa ijoon “tarkanfii fi hojiirra oolmaan haala qilleensaa” kan jedhudha. Yaa’ii Guddaa kana dura yaa’iin hoggantoota haala qilleensaa Beelem gaggeeffameera. Dura taa’aan Gataa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf yaa’icharratti haasaa taassisaniin Afriikaan gara yaa’ii kop30 tti ejjennoo cimaan dhufuushee ibsuun Ardiittiin bakka buutuu jijiiramaati jechuun dubbataniiru. Bakkeewwan madda Aannisaa aduu irraa hanga abbummaa iniveeshinii magariisaatti kan qabatte Afriikaan yeroon itti Aanu haqa qabeessa, hunda hammataa fi kaarboonii gad-lakkifamu xiqqaa akka ta’u qooda gaggeessummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Afriikaan Aannisaa haaromfamaa Addunyaa dhibbantaa 40 qabdu taatus faayinaansiin haala qilleensaa argattu dhibbantaa 12 gadi ta’uu hubachiisaniiru. Nuyi kan gaafanne tola ooltummaa miti kan jedhan dura ta’aan kun, nuyi kan gaafannu haqa qabeessummaa haala qilleensaa, faayinaansii haqa qabeessa, teekinooloojii fi dhaqqabamummaa carraawwanii ti jedhaniiru. Biyyoonni jijiirama haala qilleensaa keessatti qooda xiqqaa gumaachan harqoota guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Waadaa walii galtee Addunyaa Kop-30 gara jijiiramaatti, saaxilamummaarraa gara ciminaatti cehuu akka qabu ibsuun hojiin jijiirama haala qilleensaa ittisuu yaadama michummaan, haqa qabeessummaanii fi badhaadhina waloon gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru. Yeroon Tarkaanfii Furmaata walakkaa qofa fidu fudhachuu dhumeera, amma kan barbaachisu ciminaan kan guutame fi deebii hojii waliiniiti jechuusaanii Oddeeffannoon TOI’n Gamtaa Afriikaarraa argate mul’isa.
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 853
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame beekamtii idil addunyaa argate
Oct 23, 2025 614
Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame foramii dinagdee addunyaan beekamtii idil addunyaa argateera. Beekamtiin kun kan kenname Kiyuubiik Itiyoophiyaa waliin ta’uun magaalaa Harar balfa Pilaastikiirraa bilisoomsuuf hojmaata qindaa’aa jalqabameen bu’aa argameef ta’uu hoogganaan biiroo komunikeeshinii naannoo Hararii Heenook Mulunaa dubbataniiru. Beekamtiin kun kennamuun duratti magaalaa Harar balfa pilaastikaarraa qulqulleessuun pilaastikoota tajaajila kennan irra deebi’uun faayidaaf oolchuuf haalli dandeessisu jiraachuu gamaaggamamuu eeraniiru. Inisheetiivichi dubartootaa fi dargaggootaaf carraa hojii uuuusaa gamaaggama Kanaan kaafamuu isaa obbo Heenook dubbataniiru. Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisa gochuu fi balfa pilaastikii irra deebi’uun fayyadamuun gatii xiqqaan mana jireenyaa ijaaruuf Kiyuubiik Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaa jidduutti akka lakk. Faranjootaatti Ebla 2024 waliigalteen mallatteeffamuu dubbataniiru. Hojiin eegalaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 784
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 8798
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 6950
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.