Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Qophiiwwan hammattoo seeraa dhaabbilee hojii irra oolmaa imaammata haqaa ce’umsaa hundeessuuf dandeessisan xumuramaniiru- Ministira Haannaa Ari’ayaasillaasee
Mar 18, 2026 119
Bitootessa 9/2018(ENA)– Qophiiwwanhammattoo seeraa dhaabbilee hojii irra oolmaa imaammata haqaa ce’umsaa hundeessuuf dandeessisan xumuramuusaanii Ministirri haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee ibsan Ministirri Haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, jijjiirama biyyaalessaa booda bu’uurawwan seeraa deebii dhimma heeraa barbaadan murteessoo ta’anirratti fooyya’iinsi taasifameera. Kanaanis Kitaabni dhimma Seera Daldalaa waggoota hedduuf hojiirra ture dabalatee, seerota furtuu 20 ol ta'an irratti tarkaanfiiwwan fooyya'iinsaa fudhatamaniin dhaabbilee cimsuu keessatti gahee murteessaa bahachaa akka jiran ibsaniiru. Tajaajila haqa Hawaasaan, duudhaalee uummataa wal-dhabdee ittiin furaniif beekamtii kennuun sirna haqaarratti shoora murteessaa bahaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis, hojiiwwan Fooya’insa Sirna Haqaa, Abbaa Seeraa fi dhaabbiileen Dimokirasii Dhiibbaa Siyaasaa kamirraayyuu walaba ta’anii hojiisaanii idilee akka raawwataniif haalli dandeessisu akka uumame ibsaniiru. Gama biroon jijjiirama Mootummootaa keessatti Sarbama Mirga Namoomaa mudachaa tureef furmaata waaraa kennuuf qooda olaanaa akka qabaatuuf imaammanni fooya’insa haqaa qophaa’uu kaasaniiru. Imaammanni ce’umsaa haqaa Sarbama mirga namoomaa Jijjiirrama Mootummootaa fi walitti bu'iinsoota yeroo adda addaa keessatti lammiilee irratti raawwataman karaa guutuu ta'een furmaata kennuuf mirkanaa'ee hojiitti galamuusaa hubachiisaniiru. Sarbama mirga namoomaa raawwatamanirratti, gafatamummaa mirkaneessuu, dhiifama gochuu, dhugaa barbaaduu, kaasaa, Araaraa fi fooya’insa dhaabbileef taasisuun qajeeltoowwan ijoo imaammata ce’umsa haqaa ti jedhaniiru. Imaammata kana bu’uura godhachuun, gafatamummaa yakkaa mirkaneessuun, dhugaa barbaaduunii fi hawaasa gidduutti Araara uumuun, ijaarsa nageenyaa fulla’aa fi mirkanaa’uu misoomaatiif bu’uura amansiisaa akka kennu hubachiisaniiru. Kanaafis, hammattoon seeraa Dhaabbilee ce’umsa Imaammata haqaa guutummaa guutuutti hojiirra oolchisiisuu dandeessisan qophiin qaama seeraa Xumuramee akka jiru eeraniiru. Hammattoowwan Seeraa imaammata kana hojiirra oolchuuf qophaa’an keessatti, dhaabbiileen dhugaa barbaadan, Araara, Bulchiinsa haqaa, abbaa Alangaa addaa fi dhaabbilee Mana murtii dhaddacha addaa akka jiraatan hubachiisaniiru. Gara fuulduraattis, hojiiwwan imaammata kanaa dhaabbilee kanaa raawwataman Lammiilee gidduutti wal-amantaa cimsuun, mootummaa fulla’aa fi jabaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2026 119
Bitootessa 9/2018 (ENA)- Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsan. Abbaan Taayitichaa hojiirra oolmaa Rood Maappichaa bu’a qabeessa gochuuf kan dhaabbilee federaalaa garagaraa waliin waliin hojjechuun akka danda’amu waliigaltee mallatteesseera. Abbaan Taayitichaa hojiilee eegumsa naannoo bu’a qabeessa hedduu hojjechaa akka jiru daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsaniiru. Galmoota misooma magariisaa Itiyoophiyaa milkeessuu fi cehumsa gara dinagdee serkulaariitti taasifamu si’achiisuuf kan gargaaru Rood Maappiin biyyaalessaa bara 2017 qophaa’ee hojiitti galamuu yaadachiisaniiru. Rood Maappichi Itiyoophiyaa qulqulluu uumuu keessatti aadaa balfa deebisanii faayidaarra oolchuu kan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Kanaa olittis hojiilee eegumsa naannoo gabbisuun, invastimantii fooyya’aaf haala uumuunii fi carraalee hojii haaraa banuun dinagdee biyyaa guddisuuf gahee olaanaa bahata jedhaniiru. Hojiileen qindoominaan hojjetamanis hojii hubannoo uumuu, sirna balfi gogaa ittiin qabamuu fi dhabamsiifamu teeknooloojii fi beekumsaan deeggaruu akkasumas hojiilee deeggarsaa fi hordoffii qindoominaan hojjechuun keessatti argama jedhaniiru. Cehumsi gara dinagdee serkulaaraatti taasifamu akka si’atu qooda fudhattoonni hundi kutannoo fi hirmaannaa cimaadhaan qoodasaanii akka bahatan waamicha taasisaniiru.
Baankota Itiyoophiyaa fi zooniiwwan industiriin kan misoomfaman qajeelfamni dandeettii abbootii qabeenyaa cimsu hojiirra ooleera
Mar 18, 2026 141
Bitootessa 9/2018 (ENA): Dhaabbanni korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii dandeettii al-ergii fi bakka bu’aa oomishaa baankota dhuunfaa fi mootummaa Itiyoophiyaa fi abbootii qabeenyaa zoonii industirii misoomsan cimsu qajeelfamni walta’iinsaa hojiirra ooluu beeksise. Waltajjiin marii hirmaannaa dhaabbilee faayinaansii zoonii diinagdee addaa cimsuuf adeemsifamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaan Oppireeshinii fi Bulchiinsa Paarkii obbo Fitsum Katamaa akka ibsanitti, Waggoota darban keessa zooniiwwan industirii yaa’insa invastimantii doolaara Ameerikaa biiliyoona 15 ol hawwatan ijaaramaniiru jedhani. Akkasumas yeroo ammaa kanatti Dhaabbanni Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwanii zoonii diinagdee addaa 11, paarkiiwwan industirii giddu galeessaa lamaa fi paarkii Ayisiitii tokko bulchaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo darbe abbootiin qabeenyaa zoonii industirii Itiyoophiyaa keessatti kan hirmaatan irra caalaan isaanii biyya alaa irraa akka ta’an yaadachiisaniiru. Hojiiwwan abbootii qabeenyaa biyya keessaa jajjabeessuuf hojjetaman keessatti abbootii qabeenyaa 250 yeroo ammaa zoonii industirii keessatti hirmaatan keessaa dhibbeentaan 65 abbotii qabeenyaa biyya keessaa ta’uu ibsaniiru. Kunis dandeettii abbootii qabeenyaa biyya keessaa bu’uuraalee misoomaa jiran fayyadamuun zoonii industirii misoomsuu akka dabalu ibsaniiru. Oomishtummaa abbootii qabeenyaa biyya keessaa eeguuf bu’uuraaleen misoomaa, dhiyeessii faayinaansii fi sirna faayinaansii yeroo qusatu kan dorgomtummaa eegu akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaafis Labsiin Zoonii Diinagdee Addaa abbootii qabeenyaa zoonii industirii fi baankota hundaaf misoomsaa jiranii fi baankonni hundi ulaagaa barbaachisu guutanii waliin hojjechuuf carraa uumeera jedhan. Abbootii qabeenyaa fi baankonni zoonii industirii keessatti invast godhanis tumsa cimaa oomishtummaa fi faayidaa waliinii itti fufsiisu ijaaruu qabu jedhani. Gumaacha zoonoonni industirii oomisha al-ergii fi galtee, carraa hojii fi ce’umsa teeknooloojii guddisuuf dandeettii walta’iinsaa guddisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Mirga dimookiraasii keenyatti fayyadamuun, filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophiidha - Dubartoota Magaalaa Ciroo
Mar 18, 2026 332
Bitootessa 9/2018 (ENA): Dubartoonni Magaalaa Ciroo hirmaannaa siyaasaa isaanii guddisuu fi mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamuuf filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Magaalattii keessatti daldala xixiqqaa irratti kan bobba’an aadde Hamalmaal Fantaa ENA waliin turtii taasisaniin , filannoo waliigalaa bara kanaa irratti paartii siyaasaa isaaniif gaarii ta’a jedhanii amanan filachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Kaardii galmee filattotaa argachuun akkaataa sagantaa Boordiin Filannoo kaa’een sagalee kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Akka aadde Hamalmaal ibsanitti paartii faayidaa dubartootaaf dhaabbatu, guddina biyyaaf hojjatu, nageenya mirkaneessuun tokkummaa biyyaa cimsu filachuuf qophaa’eera jedhani. Dubartoonni biroo mirga galmaa'uu fi kaardii galmee filannoo isaanii yeroon akka argatan waamicha dhiheessiteetti. Jiraattuun magaalichaa kan biraa aadde Mastawaal Laggasaa paartii siyaasaa murtee dubartootaa fi fayyadamummaa misoomaa guddisuuf hojjetu filachuuf qophii ta’uu himan. "Filannoon daandii ijoo mootummaa biyyattii hoogganu filachuuf murteessaadha dha “kan jedhan aadde Mastawaal, falmiin paartilee waldorgoman gidduutti miidiyaan taasifamaa jiru qaama faayidaa waliigalaa dubartootaaf hojjetu adda baasuuf haala mijataa kan uume ta’uus ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa fi amansiisaa ta’een akka xumuramuuf gahee keenya ni ba’anna kan jedhan immoo aadde Caaltuu Abbaasidha. Dubartoonni akkuma adeemsa misoomaa keessatti hojjetan, filannoo kana keessatti gahee isaanii akka bahatanis dhaamaniiru. Dubartoonni mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamanii kaadhimamaa itti amanan akka filatanii fi waraqaa sagalee isaanii itti kennanis akka fudhatan dhaamaniiru aadde Caaltuun.
Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo waloo qaban ibsani
Mar 16, 2026 1305
Bitootessa 7/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa bara dheeraa qaban daran cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu yeroo ammaa kana daawwannaa hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuuf kaayyeffate Xaaliyaanii magaalaa Roomitti argamu. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil Addunyaa Eedmondo Chireelii waliin mari’ataniiru. Mariin kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii babal’isuu tumsa diinagdee, tumsa misoomaa, invastimantii damee dhuunfaa fi tasgabbii naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee haala riifoormii dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa irratti ibsa kennaniiru.   Tasgabbii dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, haala invastimantii fooyyessuu fi guddina hunda hammate mirkaneessuuf tattaaffii itti fufiinsa qabu irrattis odeeffannoo haaraa kennaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil-addunyaa Edmondo Chireelii jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaa galateeffachuun tasgabbii naannichaa keessatti gahee ishee qabdu ibsaniiru.   Ministirri kun, Xaaliyaan dursa misoomaa Itiyoophiyaaf qabdu karaa Ministira Muummee Giyoorjiyaa Melooniin deeggaruuf kutannoo akka qabdus irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Walta’iinsa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii yeroo dheeraaf ture daran cimsuuf waliigaluu isaanii ibsi Ministeera Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.
Milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamuuf tumsa taasisuuf qophaa’aa jirra- Jiraattoota magaalaa Shaambuu
Mar 12, 2026 1765
Bitootessa 3/2018(ENA)-Jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu milkaa’ina filannoo biyyaalessaa bara kanaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti Galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jira. Jiraataan Magaalaa Shaambuu Obbo Bushaa Dannabaa, mirga dimokiraasiitti fayyadamuun paartii siyaasaa naaf ta'a jedhee itti amanu dhiibbaa tokko malee filachuuf kaardii filannoo fudhadheera jechuun dubbataniiru.   Sagaleen keenya egeree keenya murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf galmaa'uun kaardii fudhachuun cinaatti filannoon bara kanaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa bilisaa, haqa qabeessaa fi karaa Diimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamuuf waan isaanirraa eegamu kan raawwatan ta'uu jiraataan Magaalichaa biroon obbo Biqilaa Tamasgeen yaada kennaniiru.   Kaardii filannoo fudhatanis guyyaa filannoo sagalee paartii barbaadan filachuun egeree biyyaa murteessuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa qabduutti ceesisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta'uus itti dabaluun dubbataniiru. Godinichatti galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jiraachuu Walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Asaffaa Gabayyoo ibsaniiru.   Hawaasni godinichaa Umuriin isaanii Waggaa 18 fi isaa ol ta'an galmaa'uun kaardii filannoo fudhatanii mirga Diimokiraasii isaaniif kennametti fayyadamuun sagalee isaaniitiin egeree biyyaa fi dhalootaa ijaaruu akka qaban obbo Asaffaa dhaamaniiru. Waajjira Koomunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarra
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii biyya fayyada jennee amanneef sagalee kennuuf kaardii filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra
Mar 12, 2026 1108
Bitootessa 3/2018 (ENA): Jiraattonni naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa fi Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii nagaa fi misooma biyyattii fayyada jedhanii amanan filachuuf kaardii filachuuf isaan dandeessisu fudhachuu himani. Jiraattuun Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Beegii aadde Baqqaluu Bultoo ENAtti akka himanitti, kaardii filannoo kan paartii misoomaa fi nageenyaaf dursa kennu filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra jedhani. Jiraataan aanaa kanaa kan biraa Daani'eel Alamuu akka himanitti, paartii filannoo waliigalaa irratti mirga koo tiksee biyya guddisa jedhee amanu filachuuf kaardii fudhadheera jedhani. Dhaabbata siyaasaa rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa hiikuu fi piroojektoota misoomaa hunda galeessa hawaasaaf waliin gahu filachuuf qophii ta’uu isaanii akeekaniiru. Jiraataa magaalaa Gimbii kan ta’an Saamsoon Qajeelaan gama isaaniin paartii guddinaa fi nageenya biyyattiif gaarii ta’a jedhee amanu filachuuf kaardii fudhachuu himani. Haaluma walfakkaatuun, jiraattonni Godina Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filattootaa kan filachuuf nu dandeessisu fudhanneerraa jedhan. Jiraataa Godinichaa aanaa Liiban ganda Buririi kan ta’e Taarikuu Abdiin mirga dimokraatawaa filannoo biyyaalessaa irratti hirmaachuuf qabanitti fayyadamuuf kaardii fudhachuu isaanii ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa akka ta'uuf ga'ee isaanii bahaa jiraachuus ibsaniiru. Dargaggoo Maammush Fayyisaa jiraataa magaalaa Nagaallee Booranaa yoo ta’u, kaardii mirga dimokraatawaa filannoo kana irratti hirmaachuuf isa dandeessisu fudhachuu isaa himeera.

Hawaasummaa
Ministeerri Nageenyaa Balaa Uumamaa Godina Gaamootti mudateef lammiilee miidhaan isanirra gaheef deeggarsa birrii miiliyoona sadii taasise
Mar 17, 2026 396
Bitootessa 8/2018(ENA): Ministeerri Nageenyaa balaa sigiga lafaa Godina Gaamootti mudateen lammiilee miidhaa irra gaheef deeggarsa birrii miiliyoona sadii taasiseera.   Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis, wayita deeggarsichaa kennan ergaa dabarsaniin, lammiileen miidhaan isaanirra gahe akka dandamataniif mootummaa fi uummanni itti dheheenyaan deeggarsa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.   Kanaanis Ministeerri Nageenyaa lammiilee balichaan miidhamaniif yeroo ammaa deeggarsa birrii miiliyoona 3 taasisuusaa ibsaniiru. Lammiilee keenya dhaabbataan dandamachiisuuf deeggarsi keenya cimee itti fufa kan jedhan ministirri kun, wal deeggaruun rakkoo keessa darbuu qabna jedhaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun Manni Maree Saboota Kibba Itiyoophiyaa, biiroo Tuurizimii, biiroo innooveeshinii fi teekinooloojii waliin ta’uun deeggarsa birrii kuma 300 kennaniiru. Bulchaan Godina Gaamoo doktar Damissee Admaasuu dhaabbilee fi namoota dhuunfaa deeggarsa taasisa jiran galateeffataniiru. Guyyaa balaan kun mudatee eegalee qaamoleen mootummaa, dhaabbileen moootummaa fi miti mootummaa, akkasumas namoonni dhuunfaan lammiilee miidhaman deeeggaruu fi jajjabeesuurratti kan argaman ta’uu ibsaniiru. Hojiin deeggarsa yeroo akkuma jirutti ta’ee, bulchiinsichi hojii bu’uraan isaan dandamachiisuu cimee akka itti fufu ibsuun, kanaanis qaamolee miidhaman cinaa kan dhaabbatan galateeffataniiru. Guyyaa kaleesaa dhaabbileen qaama mootummaa fi miti mootummaa deeggarsa maallaqaa fi kan biroo birrii miiliyoona 3 tuqaa 3tti tilmaamu kennuu isaanii ni yaadatama.
Magaalaa Shaggaritti manneen qorichaa moodela hawaasaa qoricha gatii madaalawaan dhiheessaa jiru
Mar 17, 2026 215
Bitootessaa 7/2018(ENA)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti manneen qorichaa moodela hawaasaa qoricha qosa garagaraa gatii madaalawaan dhiheessaa jiraachuu waajjirri fayyaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar obbo Abarraa Botoree ENA’f akka himanitti magaalichatti waggaa sadan darbanitti rakkoolee fayyaan walqabatee jiru furuuf qindoominaan hojjetamaa jira. Magaalichatti waggoota sadan darbanitti manneen qorichaa moodela hawaasaa ijaaraman hanqina qorichaa dhaabbilee fayyaa naannichaa mudachaa ture furaa akka jiru beeksisaniiru. Dhiyeessi qorichaa dabaluu fi maneen qorichaa moodela hawaasaa babal’isuurratti hojii xiyyeeffannoon hojjetameen bu’aa guddaan argameera jedhan. Haaluma Kanaan buufata fayyaa tokkoof bajanni birrii miiliyoon 300 ramadamaa ture waggoottan sadan darbanitti gara biiliyoona sadiititti guddisuun rakkoo dhiyeessii qorichaa furuun dandeenyeerra jedhan. Manni qorichaa moodela hawaasaa qoricha sadarkaa buufata fayyaatti hin argamne galchanii dhiiyeessuu akka danda’an kaasaniiru. Waggoottan sadan kanatti Keessattuu maneen qorichaa moodela hawaasaa 2 ture gara 30 guddisuun yeroo ammaa kana walii galaan maneen qorichaa moodela hawaasaa 32 irra ga’eera jedhan. Haaluma Kanaan hawaasni magaalichaa maneen qorichaa kanarraa qoricha ajajameef gosaa fi gatii madaalawaan argataa jiru jedhaniiru. Dabalataan bara kana maneen qorichaa saddeet ijaaruuf karorfamee hangaa ammatti 6 xummura irra akka jiruu fi dhuma bara bajata kanatti mana qoricha hawwasa 38 hangaa 40 tajaajila ni kenna jechuun dubbataniiru obbo Abarraan. Qisaasama qorichaa hir’isuuf teeknoolojiiwwan haaraa hojiirra oolaa akka jiruu fi keessattuu bara bajataa kanatti Qisaasamni qorichaas akka hin jiraannee dhaabbilee fayyaatti sirni bulchisa qorichaa ammayyaa hojiirra oolaa akka jiruu fi hojii kanas dijitaalessuun dhaabbilee fayyaatti hojjetama jira jedhaniiru. Akkasumas bara bajataa kanatti qisaasama qorichaa maddarraa furuuf qorannoo irraatti hundaa’uun haala qabatamaa naannowwanii bu’ureeffachuun fedhiin dhiyeessii qorichaa keessummeessuun hojjetaa jirra jedhan.
Diinagdee
Baankota Itiyoophiyaa fi zooniiwwan industiriin kan misoomfaman qajeelfamni dandeettii abbootii qabeenyaa cimsu hojiirra ooleera
Mar 18, 2026 141
Bitootessa 9/2018 (ENA): Dhaabbanni korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii dandeettii al-ergii fi bakka bu’aa oomishaa baankota dhuunfaa fi mootummaa Itiyoophiyaa fi abbootii qabeenyaa zoonii industirii misoomsan cimsu qajeelfamni walta’iinsaa hojiirra ooluu beeksise. Waltajjiin marii hirmaannaa dhaabbilee faayinaansii zoonii diinagdee addaa cimsuuf adeemsifamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaan Oppireeshinii fi Bulchiinsa Paarkii obbo Fitsum Katamaa akka ibsanitti, Waggoota darban keessa zooniiwwan industirii yaa’insa invastimantii doolaara Ameerikaa biiliyoona 15 ol hawwatan ijaaramaniiru jedhani. Akkasumas yeroo ammaa kanatti Dhaabbanni Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwanii zoonii diinagdee addaa 11, paarkiiwwan industirii giddu galeessaa lamaa fi paarkii Ayisiitii tokko bulchaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo darbe abbootiin qabeenyaa zoonii industirii Itiyoophiyaa keessatti kan hirmaatan irra caalaan isaanii biyya alaa irraa akka ta’an yaadachiisaniiru. Hojiiwwan abbootii qabeenyaa biyya keessaa jajjabeessuuf hojjetaman keessatti abbootii qabeenyaa 250 yeroo ammaa zoonii industirii keessatti hirmaatan keessaa dhibbeentaan 65 abbotii qabeenyaa biyya keessaa ta’uu ibsaniiru. Kunis dandeettii abbootii qabeenyaa biyya keessaa bu’uuraalee misoomaa jiran fayyadamuun zoonii industirii misoomsuu akka dabalu ibsaniiru. Oomishtummaa abbootii qabeenyaa biyya keessaa eeguuf bu’uuraaleen misoomaa, dhiyeessii faayinaansii fi sirna faayinaansii yeroo qusatu kan dorgomtummaa eegu akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaafis Labsiin Zoonii Diinagdee Addaa abbootii qabeenyaa zoonii industirii fi baankota hundaaf misoomsaa jiranii fi baankonni hundi ulaagaa barbaachisu guutanii waliin hojjechuuf carraa uumeera jedhan. Abbootii qabeenyaa fi baankonni zoonii industirii keessatti invast godhanis tumsa cimaa oomishtummaa fi faayidaa waliinii itti fufsiisu ijaaruu qabu jedhani. Gumaacha zoonoonni industirii oomisha al-ergii fi galtee, carraa hojii fi ce’umsa teeknooloojii guddisuuf dandeettii walta’iinsaa guddisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Inisheetiiviin misooma Qamadii Magaalichatti hojjetamaa jiru wabii nyaataa mirkaneessuun galmoota Badhaadhina biyyaa dhugoomsuu keessatti gumaacha taasisaa jira
Mar 18, 2026 71
Bitootessa 9/2018(ENA)- Inisheetiiviin misooma Qamadii Magaalichatti hojjetamaa jiru wabii nyaataa mirkaneessuun galmoota Badhaadhina biyyaa dhugoomsuu keessatti gumaacha taasisaa jiraachuu waajjirri komishinii magaalichaa beeksise. Tarkaanfiiwwan Mootummaan Badhaadhinaa cehumsa dinagdee mirkaneessuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa dinagdeen damee Qonnaa isa tokko yoo ta’u, Oomishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa sadarkaa hundatti mirkaneessuu, al-ergii humneessuu, carraa hojii uumuu fi oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun tasgabbii gabaa uumuu galmoota kan taasifate ta’uun ni beekama.   Mootummaan Badhaadhinaas galmoota imala Badhaadhinaa dhugoomsuuf carraawwan, qabeenya bishaanii fi humna Oomishtummaa guutummaatti hojiirra oolchuun bu'a-qabeessummaa dinagdee damee qonnaa cimsuuf waqtiilee hunda waqtii Oomishtummaa taasisuun dinagdeen Qonnaan bultootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Gama Kanaan Inisheetiiviin misooma Qamadii magaalaa Shaggaritti bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu odeeffannoon waajjira komunikeeshinii magaalaa ni mul’isa. Keessumattuu waggoottan jijjiiramaan asitti xiyyeeffannoo Mootummaan Oomisha Qamadiif kenneen Aadaawwan hojii amma dura turan jijjiiruun waqtiilee hunda waqtii misoomaa taasisuun hojii hojjetameen dinagdeen qonnaan bultootaa akka fooyya'u taasifamuusaa fi magaalaa Shaggarittis kun dhugoomaa akka jiru ibsameera. Tarkaanfiin kun Qonna rooba gannaa qofa irratti hirkate hambisuun tekinooloojiiwwan jallisii fi makaanaayizeeshinii qonnaa ammayyaa'aan akka babal'atu taasisuun hiyyummaa seenaa taasisaa jira. Magaalaa Shaggarittis copha bishaanii fi tekinooloojiiwwan makaanaayizeeshinii qonnaatti fayyadamuun Oomishtummaa Qamadii dachaan dabaluuf hojii hojjetameen wabiin midhaan nyaataa mirkaneessuu irra darbee, fooyya'insa dinagdee gonfachiisuun galmoota Badhaadhinaa dhugoomsaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Aanaa Lakkuulee Gajjaatti Qamadiin jallisiin misoomfamaa jiru kana kan dhugoomsu ta’uu odeeffannoon waajjira komunikeeshinii magaalaa Shaggar ni mul’isa. waajjira koomunikeeshinii Magaalaa shaggarirraa
Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin walii galtee idaa dheeressuuf waliigalan
Mar 18, 2026 91
Bitootessa 9/ 2018 (ENA) : Itiyoophiyaafi Xaaliyaaniin waliigaltee idaa dheeressuu mallatteessuun tumsa tarsiimawaa isaanii cimsan. Waliigalticha Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Ministirri Ministeera Diinagdee fi Faayinaansii Xaaliyaanii Jiiyaankaarloo Joorgeetiin mallatteessaniiru. Waliigalteen kun bu’uura hammattoo waloo adeemsa koree liqeessitootaa biyyoota miseensa garee 20’n mallattaa’uu eerameera. Waliigaltichi tumsa tarsiimawaa misoomaa biyyoota lameenii kan cimsuufi fooyyessii diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa kan deeggaru ta’uun ibsameera. Obbo Ahimad Shiideen wayita kana waliigaltee kanarra gahuuf hirmaannaa Xaaliyaaniin goote dinqisiifataniiru. Jiiyaankaarloo Joorgeetiin gama isaaniin, waliigaltichi dhimmoota fooyyessii diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan dursi kennamuuf waliin kan walsimu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa. Dabalataan waliigalteen kun Itiyoophiyaan Michuu ijoo kan taate kan Xaaliyaanii Karoora Maatteyii Afrikaaf “Mattei plan for Africa” jedhuuf gumaacha kan qabu ta’uu odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa ENA’f erge mul’isa. Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuuf yeroo ammaa Xaaliyaanii Roomaa jira. Karoorri Maatteey bara akka lakkoofsa warra faranjootaatti 2022 Ministirri Muummee Xaaliyaanii Giyorjiyaa Melooniin labsame kun tumsa diinagdee fi misoomaa Xaaliyaan Afrikaa waliin qabdu cimsuuf kan akeekedha. Kunis bu’uura tarsiimoo Yuuroo biiliyoona 5.5’n maqaa hundeessaa dhaabbata boba’aa fi gaazii biyyoolessaa Xaaliyaanii Enerikoo Mattei’n moggaafame. Dhaabbatichi Afrikaa waliin ta’uun gargaarsa yeroo gabaabaa caalaa tumsa dinagdee yeroo dheeraaf dursa kennuuf hojjechaa jira. Guddina diinagdee Afrikaa deeggaruun, carraa hojii babal’isuun, Afrikaan akka michuu dhiyeessituu anniisaa Awurooppaatti guddisuu, rakkoo dinagdee Afrikaa furuu fi godaansa seeraan ala ta’e madda isaa irratti dhaabuu, akkasumas tola ooltummaa bira darbee faayidaa waliinii fi tumsa uumuun kaayyoowwan ijoo karoorichaati.
Xaaliyaaniin ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu deeggaruuf fedhii akka qabdu ibsite
Mar 18, 2026 49
Bitootessa 9/2018 (ENA)- Xaaliyaaniin ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu deeggaruuf fedhii akka qabdu beeksifte. Gareen jilaa Itiyoophiyaa ministira maallaqaa Ahimad Shideen durfamu ministira dinagdee fi faayinaansii Xaaliyaanii Jiiyankaarloo Jiiyorgetii waliin Roomitti mari’ateera. Gareen jilaa kun Xaaliyaanitti ambaasaaddara Itiyoophiyaa Dammituu Hambisaa dabalatee ministira maallaqaa fi hoggantoota olaanoo garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa ofkeessatti qabateera. Ministeerri dinagdee fi faayinaansii Xaaliyaanii sagantaa deeggarsa bajataa baankii addunyaa maallaqaa waliin wal cinaatti sagantaa imaammata misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruuf walii galeera. Deeggarsi kun ajandaa fooyyessa dinagdee gooroo Itiyoophiyaan itti jirtuuf deeggarsa ijoo akka godhu ibsa ministeerri maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera. Xaaliyaaniin pirojektii madda anniisaa elektiriikaa Koyishaa xumuruuf hanqina maallaqaa dhihaate guutuuf akka carraaqxu ibsiteetti. Marii taasisaniin ijaarsa pirojektii biyyaalessaa guddaa kan ta’e buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu irratti tumsaan hojjechuun haala danda’amurratti mari’atameera. Ministirri dinagdee fi faayinaansii Xaaliyaanii Jiiyankarloo Jiiyorgetii raawwii cimaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiisaa jiru dinqisiifatanii, Xaaliyaaniin karaa dhaabbileeshee Faayinaansiitiin kutaalee pirojektoota filatamaniif deeggarsa taasisuuf qophii ta’uushee ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba
Mar 13, 2026 144
Bitootessa 4/2018 (ENA): Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee damee kanarratti qaban guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba jedhani hayyoonni damee kanaa. Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa diriirsuu, waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu, faayinaansii dijitaalaa cimsuu, tajaajila hijii mootummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu irratti kaayyeffatee hojetamaa jira. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa milkaa’uu kan danda’u, lammiilee damicha sirriitti hubachuu danda’u, dandeettii fi beekumsa akka gaariitti kan hidhate uumuun yoo danda’ame akka ta’e ibsameera. ENA’n dhimma kana irratti hayyoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin marii turtii taasiseen, hayyoonni kunneen bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuun tajaajila mootummaa iftoomina, saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuudhaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.   Hayyoota yuunivarsiitichaa keessaa obbo Fiqaaduu Warquu akka ibsanitti, Dijitaalli Itiyoophiyaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, magaalota ammayyaa jireenyaa uumuun lammiileef jireenya salphisa jedhani.   Hayyuun yunivarsiitichaa kan biraa obbo Darrib Garramaa akka himanitti, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 bu’uuraalee misoomaa ummataa walitti hidhuun fayyadamummaa lammiilee ni mirkaneessa jedhani.   Hojiileen tarsiimoo dijitaalaa 2025 keessatti galmaa'an galma ga'iinsa tarsiimoo bara 2030’f bu'uura cimaa akka ta'u kan ibsani immoo obbo Ismaa'eel Huseen dha. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa tajaajila ammayyaa fi saffisaa hawaasaaf kennuudhaaf haala mijataa kan uumu ta’uu eeruun, itti fufiinsa isaatiif ijaarsi ogummaa fi beekumsa lammiilee cimuu akka qabu dubbataniiru.
Wiirtuuleen tajaajila qindaa’aan fayyadama lammiilee guddisaa jiru – Misinstira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 10, 2026 131
Bitootessa 1/2018 (ENA)– Wiirtuun kenna tajaajila qindaa’aa agarsiistuu raawwii tajaajila mootummaa ijoo hojii fi fayyadamummaa lammiilee kan dagaagsu ta’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Magaalaa Harar daawwataniiru. Daawwannaasaaniin booda Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Magaalaa Hararitti dhaabbate, Tajaajila Mootummaa wiirtuu tokkotti qindeessee dhiheessuun qaama sagantaa biyyoolessaa ta’uusaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaniin dabarsaniin ibsaniiru.   Itti dabaluunis wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo Harar dhaabbileen 8 foddaalee tajaajila 24n tajaajiloota uummataa 67 bakka tokkotti tajaajilamtootaaf dhiheessa jedhaniiru. Raawwiin biyyaalessaa kun gahumsa kenna tajaajila mootummaa, dhaqqabamummaa fi itti quufinsa lammiilee fooyyessuun dhaabilee gidduutti tajaajila bittinaa’aa hir’isuun , hawaasni tajaajila argachuuf yeroo fi maallaqa qisaasessu hir’isuu dandeessiseera jedhaniiru. Guutuu biyyaalessaatti Tooftaa Masoobiin, mootummaan ce’umsa dijiitaalayizeeshinii fi kenna tajaajila qindaa’aaf ejjennoo cimaa qabu haala mul’isuun babal’achaa jira jechuun Ministirri Muummee ibsaniiru. Wiirtuun tajaajilaa qindaa’aan agarsiistuu raawwii hojii ijoo tajaajila mootummaa fi fayyadamummaa lammiilee waligalaa kan guddisu ta'uusaa hubachiisaniiru.
Ilaalcha hin danda’amuu kan cabsan urjiilee samii
Mar 8, 2026 177
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf balalii biyya keessaa fi idil-addunyaa dubartootaa qofaan hogganamu saddeet ni gaggeessa. Akka addunyaa guutuutti balaliistota daandiiwwan xiyyaaraa daldalaa keessaa hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa jaha qofa dha akka ragaaleen agarsiisanitti. Kanneen giddu galeessaan addunyaa irraa fooyyee kan qaban keessaa, Daandiin Qileensaa Hindii (Air India) balaliistota isaa keessaa dhibbeentaan 15 dubartoota dha. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa balaliistota dubartoota 95 kan qabu yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa Afrikaa muraasa saffisaan lakkoofsa isaa dabalaa jiran keessaa isa tokko taasiseera. Balalii dubartoota qofaan hogganamu dubartoota balaliistota balalii kana irratti hirmaatan, kanneen ENA waliin turtii taasisan, balalii dubartoota qofaan taasifamu irratti hirmaachuun kan isaan kan boonsuu fi gammachuu isaaniif kan kenne akka ta’e dubbataniiru. Gargaartuu balaliistuu kan ta’an Tsiyoon Dammaqee akka ibsanitti, balaliisaa dargaggeettii dubaraa Itiyoophiyaa jalqabaa Kaapteen Amsaalee Gowaaluu irraa akka fakkeenya fudhatanii fi kaka’umsa argataniin booda indaastirichatti makame jdhani. Erga seektarichatti makamaniis namoonni isaan argan bakka deeman hundatti akka isaan jajjabeessan himaniiru. Gargaartuu balaliistuu kan biraa Liidiyaa Gammee akka himanitti, dameen kun shamarraniif qormaata ta’ee fudhatamus, dubartoonni hojjechuu akka danda’an kan agarsiisan kanneen nu dura turan irraa barachuun damichaatti makamne jedhani. Balalii dubartoota qofaan durfamu irratti hirmaachuun isaaniis akka isaan gammachiisuu fi akka isaan boonsu himaniiru. Hojii cimaa fi kutannoon rakkoolee mudatan irra aanuun furtuu milkaa’ina akka ta’e kan ibsan balaliistonni kunniin, dubartoonni cimanii hojjechuun ofitti amanamummaa yoo horatan bakka barbaadan ni ga’u jedhaniiru.
Ispoortii
Sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin Badhaadhinni Itiyoophiyaa ni dhugooma ta’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 8, 2026 172
Guraandhala 29/2018 (ENA): Badhaadhina Itiyoophiyaa sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin ni mirkaneessina jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Guyyaan dubartoota idil addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 115ffaa kan kabajamu yoo ta’u, akka Itiyoophiyaatti immoo yeroo 50ffaaf kabajamaa jira. Guyyaa Dubartoota Idil Addunyaa akka Itiyoophiyaatti yeroo 50ffaaf kabajuuf fiigichi daandii kiiloo meetira 5 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sagantaa ispoortii kana Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin ta'uun qopheesse. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ergaa gdabarsaniin dubartoonni gahee olaanaa ijaarsa biyyaa fi imala badhaadhinaa keessatti qaban guddaa dha jedhani.   Seenaa Itiyoophiyaa keessatti namoonni milkaa’oo fi atileetotni dubartoota beekamoo hedduun akka jiran eeruun, dandeettii fi humni adda ta’e kanaaf beekamtiin guddaan kennamuu akka qabu ibsaniiru. Nageenyaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif dubartoonni aarsaa guddaa akka kaffalan yaadachiisuun, akkasumas dubartoonni ammallee misooma biyyaalessaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Obboleewwan keenya waliin ta’uun biyya keenya guddifna kan jedhan, hirmaannaan dubartootaa dhiirota waliin haala qindoominaa fi deggarsa qabuun misooma biyyaaf akka oolu ni taasifnas jechuun ibsaniiru. Mootummaan hirmaannaa haqa qabeessa dubartootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus aadde Adaanech himaniiru. Akkasumas imala badhaadhinaatti hirmaannaan dubartootaa dinagdee fi hawaasummaa haqaan akka dhugoomu ciminaan hojjechuuf waadaa galaniiru. Imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu keessatti dubartoonni humna adda duree ta’uu kan ibsan kantiibaan kun, akkasumas guyyaa kana sababeeffachuun baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Ministirri Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogoe Tasfaayee gama isaaniitiin, jijjiirama biyyoolessaa har’a mul’ateef bu’uurri waggoota 50 darban keessatti mirgaa fi sagalee dubartootaa xiyyeeffannoo kennuudhaaf tattaaffii taasifameen akka ta’e ibsaniiru. Bu’aan dubartoonni damee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban guddina biyyaatiif murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni fiigicha kanarratti hirmaatan akka himanitti, fiigichi kun fayyaa qaamaa fi sammuu dubartootaa eeguu qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhani.   Fiigicha daandii kiiloo meetira 5 kana irratti keessummoonni affeeraman, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi atileetotni bebbeekamoo hirmaataniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2026 119
Bitootessa 9/2018 (ENA)- Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsan. Abbaan Taayitichaa hojiirra oolmaa Rood Maappichaa bu’a qabeessa gochuuf kan dhaabbilee federaalaa garagaraa waliin waliin hojjechuun akka danda’amu waliigaltee mallatteesseera. Abbaan Taayitichaa hojiilee eegumsa naannoo bu’a qabeessa hedduu hojjechaa akka jiru daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsaniiru. Galmoota misooma magariisaa Itiyoophiyaa milkeessuu fi cehumsa gara dinagdee serkulaariitti taasifamu si’achiisuuf kan gargaaru Rood Maappiin biyyaalessaa bara 2017 qophaa’ee hojiitti galamuu yaadachiisaniiru. Rood Maappichi Itiyoophiyaa qulqulluu uumuu keessatti aadaa balfa deebisanii faayidaarra oolchuu kan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Kanaa olittis hojiilee eegumsa naannoo gabbisuun, invastimantii fooyya’aaf haala uumuunii fi carraalee hojii haaraa banuun dinagdee biyyaa guddisuuf gahee olaanaa bahata jedhaniiru. Hojiileen qindoominaan hojjetamanis hojii hubannoo uumuu, sirna balfi gogaa ittiin qabamuu fi dhabamsiifamu teeknooloojii fi beekumsaan deeggaruu akkasumas hojiilee deeggarsaa fi hordoffii qindoominaan hojjechuun keessatti argama jedhaniiru. Cehumsi gara dinagdee serkulaaraatti taasifamu akka si’atu qooda fudhattoonni hundi kutannoo fi hirmaannaa cimaadhaan qoodasaanii akka bahatan waamicha taasisaniiru.
Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu fakkeenya ta’ee kan fudhatamudha
Mar 14, 2026 276
Bitootessa 5/2018(ENA)- Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumar ibsan. Ambaasaaddar Aniil Kumar Raayi turtii Itiyoophiyaa waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu hedduu dhaabuunshee bu’aa gadhiisii kaarboonii xiqqeesu agarsiisaa akka jiru ibsaniiru. Geejjiba faalamarraa bilisa ta’e babal’isuudhaan dinagdee magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf tarkaanfii murteessaa fudhachaa akka jirtus kaasaniiru. Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi sirna dinagdee amansiisaan jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne amansiisaan kan Itiyoophiyaan itti jirtu biyyoota Afriikaa fi addunyaa birof fakkeenyummaan kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru. Hindis tattaaffii Itiyoophiyaan sirna dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf itti jirtuuf tumsashee cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Pilaastikoota tajaajila yeroo tokkoof oolanirratti dhorkaan dhiheenya taasifame nageenya naannoo fi eegumsa lafaaf tarkaanfii murteessaa faayidaa cimaa qabu ta’uu kaasaniiru. Fuulduras Hindi muuxannoo sirna eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaarratti qabdu qooduudhaan tumsa hunda galeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsaniiru.
Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan Ikooloojii naannichaa bu’uura godhatan qophaa’aa jiru
Mar 4, 2026 202
Guraandhala 25/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban Ikooloojii naannicha bu’uura godhatanii qophaa’aa jiraachuu waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Hagayya bara 2011 Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalamuunsaa ni yaadatama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, buuftaalee biqiltuu 11 Godinicha keessa jiran keessatti biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabbatan qophaa’aa jiru. Buufanni biqiltuu kunneen duula Ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan sanyii adda addaa biqilchuun dhiheessuurratti qoodni bahaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 284 ol qopheessuuf karoorfamee biqiltuuwwan miiliyoona 241 ol biqilchuun hojjetamuu eeraniiru. Qophiin biqiltuu kun hedduuminan sanyiiwwan biqiltuu jijjiirama haala qilleensa to’achuuf gargaaran xiyyeeffannoon kan itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataan Faayidaa Dinagdee qonnaan bulaa kan argamsiisuu fi soorataaf kan oolan biqiltuuwwan muduraalee miiliyoona 26 tuqaa 7 kan of keessatti hammate qophaa’uu dubbataniiru. Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa haala Ikooloojii nannichaa gidduugaleeffachuun kan raawwatamu ta’uu eeruun Godinichatti waggoottan darban biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbantaa 85n ol qabachuusaa beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatan tuttuqqaa namaa fi beelladaarraa eeguun kunuunsamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana karoora qabame milkeessuuf boolla biqiltuun keessa dhaabbamu qotamee qophaa’uu beeksisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17021
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2377
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015