ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan
Oct 16, 2025 67
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan Leenjiin gabbisa dandeettii miseensota damee dargaggootaa fi dubartootaaf Paartii badhaadhinaatti waajjirri damee Dirreedawaa qopheesse xumurameera. Dargaggoonni leenjii mata duree “Ijaarsi dhaloota ida’amuu guddummaa Itiyoophiyaa” jedhuun kenname irratti hirmaatan akka jedhanitti, pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti eegalaman dhugoomsuuf hojii hojjetamu keessatti qoodasaanii bahachaa jiru. Hirmaattota leenjichaa yaada kennan keessaa dargaggoo Ramadaan Dastaa akka jedhetti, hojiileen misoomaa fi bulchiinsa gaarii Dirree Dawaatti eegalaman akka milkaa’an qoodasaa bahaa akka jiru ibseera. Beekumsaa fi humna qabduun badhaadhinni biyyaa akka mirkanaa’u qoodashee bahaa akka jirtu kan ibsite ammoo shamarree Tsiyoon Wubisheeti. Pirojektoonni biyyaalessaa akkaataa karoorfameen akka milkaa’an nagaan jiraachuun bu’ura waan ta’eef hojiirra oolmaa isaaf hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu eerteetti. Dargaggii Ibsaa Ahimad gamasaan, pirojektoonni biyyaalessaa gurguddoon eegalaman sadarkaa sadarkaan fayyadama misoomaa dargaggootaa akka guddisan dubbateera. Paartii badhaadhinaatti itti aanaan hoogganaa waajjira damee Dirree Dawaa obbo Shaakir Ahimad, dargaggoon hirmaannaa misooma biyyaarratti qabu guddisuuf bulchiinsichi deeggarsa walirraa hincinne taasisa jedhaniiru. Biyyi akka misoomtu nageenyi bu’ura waan ta’eef dargaggoon mootummaa waliin qindaa’uun caalaatti hojjechuu qaba jedhaniiru.
Hawaasni waliin dhahiinsa appilikeeshinii hawaasummaan irra gahurraa akka ofeeggatu gaafatame
Oct 16, 2025 47
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)-Qaamoleen appilikeeshiniiwwan hariiroo hawaasummaan yaka waliin dhahuu raawwatan seeraan akka gaafataman hojjechaa akka jiru tajaajilli nageenya faayinaansii beeksise. Namoonni gocha waliin dhahuurratti bobba’an tokko tokko beekamtii fi eyyama namoota dhuunfaan ala Moobaayiliisaanii seenuun appilikeeshinii quunnamtii hawaasaa namoota dhuunfaa odeeffannoowwan iccitii kanneen akka (watis appii fi telegiraamii) kkf hatuun gocha maallaqa waliin dhahuu irratti bobba’uusaanii tajaajilichi ibseera. Waliin dhooftonni kunneen appilikeeshiniiwwan hriiroo hawaasaa erga to’atanii booda abbaa akkaawuntii isa dhugaa fakkaachuun maatii, fira, hiriyyaa fi miiltoo hojii nama sanaan galmaa’aniif bilbiluun ergaa barreeffamaa akka waan maallaqa rakkatanii fakkeessanii erguun akkaawuntii baankii kaayyoo waliin dhahuuf qophaa’etti akka ergamuuf taasisu jedheera tajaajilichi. Tajaajilli nageenya Faayinaansii eeruu isa qaqqaban bu’ureffachuun qaamolee gocha yakkaarratti bobba’an adda baasuu fi hordofuun seeraan akka gaafataman dhaabbilee qooda fudhattootaa waliin qindaa’ee hojjechaa akka jiru odeeffannoo TOI’f ergeen beeksiseera. Hawaasni gocha waliin dhahuu kana ittisuuf ergaa bilbilasaan ergamuuf deebii osoo hinkenniin dura ergaan kun sirrii ta’uusaa karaa adda addaa mirkaneessuun ofeeggannoo akka godhu hubachiiseera. Akkasumas ergaa ofeeggannoo dhaabbilee addaddaarraa darban hordofuun gocha yakkaarraa akka ofeeggatuu fi yakka raawwatame yoo argu qaamolee seera kabachiisaniif akka beeksisu waamicha dhiheesseera.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 47
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyeessuun fayyadama misoomaa lammiilee kan fooyyessu dandeettiin galii uumamaa jira
Oct 16, 2025 56
Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyeessuun fayyadama misoomaa lammiilee kan fooyyessu dandeettiin galii uumamaa jiraachuu hooggantoonni biirolee galiiwwanii naannoo ibsan. Hooggantoonni biiroo galiiwwanii naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Gaambeellaa TOI’tti akka himanitti, galii karoorfame milkeessuuf kutannoon hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Hoogganaan biiroo galiiwwanii Oromiyaa Rasfaayee Tulluu, sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyaa diriirsuun galiin walitti qabamu guddachaa jira jedhaniiru. Hubannoon kaffaltoota Gubiraa guddachaa dhufuun, fooyya’insi hojmaataa fi sochiin dinagdee naannichaa bu’ura taaksii bal’isuun galiin walitti qabuuf carraa guddaa uumaa akka jiran dubbataniiru. Hoogganaan biiroo galiiwwanii naannoo Amaaraa Kibrat Mahimud, kafaltiin teeknooloojiin deeggarame bu’aa bayii tajaajilamtootaa fi baasii hinmalle hir’isuun faayidaa guddaa gumaachaa akka jiru ibsaniiru. Hoogganaan biiroo galiiwwanii naannoo Gaambeellaa Cheenkoo Deeviid, dandeettii galii guddisuunhojiileen misoomaa fayyadama dinagdee fi hawaasummaa lammiilee guddisan hojjetamaa jiru jedhaniiru. Bara bajataa 2018 hubannoon galii walitti qabamu fooyyessan uumuu fi sirna tajaajila dijitaalaa diriirsuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Fooyya’insi Dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa Invastimantii fi Daldalaaf haala mijataa uumeera
Oct 16, 2025 61
Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Fooyya’insi Diinagdee goroo guutuu Itiyoophiyaan hojiirra oolchite Invastimantii fi Daldalaaf caalaatti haala mijataa uumuusaa Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr.Alamuu Simee ibsan. Sagantaan baniinsaa Yaa’ii fi agarsiisa misooma daldalaa Paakistaan-Afriikaa 5ffaan Finfinnee galma bar-kumeetti gaggeeffameera. Yaa’ii fi agarsiia Misooma Daldalaa fi agarsiisaarratti dhaabbileen Omishaa paakistaan 150 ol hirmaachaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaa Baninsaa Kanarratti haasaa kan taassisan Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr.Alamuu Simee Itiyoophiyaan balbala seensa Afriikaa ta’uu ibsuun, Daldalaa fi Invastimantiif haalli mijataan jiraachuu hubachiisaniiru. Mootummaan kallattiin Invastimantii Alaa guddisuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru. Ministirichi itti dabaluunis, Itiyoophiyaa keessa filannoowwan Invastimantii bal’aan jiraachuu kaasuun, Qonnaan, Industiriiwwan omishaa fi dameelee biroon humna bal’aa qabaachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaa Gidduugala Daldalaa cimaa taassisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu fi Misoomni Dinagdee Guddinashee kan itti fufsiisan meegga pirojektoonni hedduu ijaaraa jiraachuushee dubbataniiru. Kanneen keessaa Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi xumuramuu, hojiiwwan Qonnaa Wabii nyaataa Mirkaneessuuf hojjetaman , Kaka’umsa Ashaaraa Magariisaa, pirojektiiwwan Gaaziin Uumamaa, Ijaarsi waarshaa Xaa’oo kanneen eeramanidha jedhaniiru. Hojiirra oolmaan Fooya’insa Dinagdee gooroo guutuu Paakistaan dabalatee biyyoota Addunyaa biroo waliin dureeyyiin hedduun gara Itiyoophiyaa dhufuun Invast akka godhaniif haala mijataa akka uume eeraniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Paakistaan Atiif Shariif gamasaaniin,Yaa’iin Misooma Daldalaa Paakistaanii fi Biyyoota Afriikaa gidduutti michummaa Diinagdee jiru caalaatti akka jabeessu ibsaniiru. Yaa’ii fi Egzibiishinii qophaa’erratti kaampaanonni paakistaan 150 ol hirmaachuusaanii ibsuun, har’a dabalatee guyyoota walitti fufan sadiif kan gaggeefamu ta’uu mirkaneessaniiru. Egzibiishinichaan omisha qoricha wal’aansaa fi meeshaalee, bu’aawwan miidhaginaa fi kunuunsa gogaa, uffata adda addaa, bu’aawwan Qonnaa soorataa fi kanneen Kanaan wal qabatn, meeshaawan jijiirraa Awutoomootivii fi omishawwan biroon dhihaataniiru.
Siyaasa

Itiyoophiyaatti Ogummaan Gaazexeessummaa Faayidaa biyyoolessaa, tokkummaa Sab-daneessummaa, Seenessa waloo fi Badhaadhina biyyaa giddugaleeffachuu qaba
Oct 16, 2025 96
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaatti Ogummaan Gaazzexeessummaa Faayidaa biyyoolessaa, tokkummaa Sab-daneessummaa, Seenessa waloo fi Badhaadhina biyyaa karaa gidduugaleeffateen hojiirra ooluu akka qabu ministirri Gorsaan Minsitira Muummee Damee Hawaasummaa Mu’aze xibebaati Diyaaqon Daani’eel Kibrat ibsan. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Sagantaa jalqabsiisa giddugala gahumsa Miidiyaa Mooraa Yuunvarsiitii Finfinneetti gaggeesseera. Gidduugalli Gahumsa Miidiyaa Itiyoophiyaa Miidiyaa fi damee Beeksisaa ogummaa fi teekinooloojii yeroon gaafatuun deeggaramuun akka hojjetuuf gahumsa ogeeyyii fi dhaabbiilee Miidiyaa dagaagsuuf kan kaayyefatedha. Giddu galli Gahumsaa kun Yuunvarsiitii Finfinnee waliin wal-tumsuun faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachjiisuuf Naamusa ogummaa Gaazzexeessummaa, seerotaa fi dhimmoota biroo wal qabatan irratti leenjii kenna jedhameera. Ministirri Gorsaan Ministira Muummee dhimma Hawaasummaa Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat wayita kana akka jedhanitti, Gaazexeessummaan biyya keenya jiru Itiyoophiyaa fakkaachuu qaba. Miidiyaawwan Itiyoophiyaa keessa jiran, kan dhuunfaas ta’e kan uummataa, Kan Amantaa, dhimmooota Afur irratti garaagarummaa qabaachuu hin qaban jedhaniiru. Faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa eegsisuurratti gaazexeessaan Miidiyaa kamirrattiyuu hojjetu dhimma dagachuu hin qabne ta’uu ibsaniiru. Miidiyaan Tokkummaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan cimsan, tokkummaa fi tumsa hawaasaa kan agarsiisan ta’uu qabu jedhaniiru. Seenessa waloo ijaaruu fi yaadama Itiyoophiyaan Badhaadhuu qabdi jedhu giddu galeeffatee hojjechuu akka qaban xiyyeefannoo kennaniiru. Daarekteerri Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Dr.Saamsoon Mokonnin gamasaaniin, Miidiyaan Guddina hunda galeessaa biyyaa fi faayidaan biyyoolessaa qooda bakka hin bu’amne akka qaban ibsaniiru. Giddu galli Gahumsaa kun faayidaa biyyoolessaa kan bu’uureffatee fi Gaazexeessummaa Itiyoophiyummaa gonfate ga’oomsuuf ni gargaara jedhaniiru. Giddu galli gahumsaa kun humna namaa gahoomee fi teekinooloojiin kan gurmaa’e ta’uu ibsuun, Imaammata baastotaa fi dhaabbilee Barnootaa olaanoo waliin tumsaan hojjeta jedhaniiru. Saganticharratti Afayaa’iin Mana Maree bakka bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo, Qondaaltonni Olaanoon Federaalaa, Miidiyaalee adda addaa fi Hoggantoonni Yunvarsiistii Finfinnee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef hirmaataniiru.
Kaanaadaan tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti-Ambaasaaddara Kaanaadaa Niikolaas sii maardi
Oct 16, 2025 92
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikolaas Sii Maardi dhiheenya muudaman Kaanaadaan tumsa dinagdee garagaraa Itiyoophiyaa waliin qabdu bal’isuun cimsitee akka itti fuftu ibsan. Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Onkoloolessa 4 bara 2018 xalayaa muudamaa biyyoota garagaraa masaraa biyyaalessaatti fudhataniiru. Ambaasaaddarri Sii Maardi wayita kana TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Kaanaadaan hariiroo dippilomaasii, dinagdee fi ummattoota iyyoota lamaanii cimaa bara dheeraaf ture qabu. Hariiroon biyyoota lamaanii oolee bulee bal’achaa fi guddachaa dhufuusaa eeranii, Biyyoota Itiyoophiyaa misoomaan deeggaran gurguddoo keessaa Kaanaadaan ishee tokko ta’uuibsaniiru. Ambaasaaddar Sii Maardi akka ibsanitti, Kaanaadaan tumsa dameelee Erispees, , albuuda, barnootaa fi kanneen biroon tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu Cimsitee itti fufti. Dabalataanis Itiyoophiyaa fi Kaanaadaan riijinii Afriikaa Bahaatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf walitti dhiheenyaan hojjechaa akka jiran ibsanii, tumsa kana cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru. Tumsa kana fuulduras ciminaan akka itti fufan ambaasaaddarichi dubbataniiru.
Dhimmoonni teekiniikaa hafan furamuu kan qaban dandeettii, carraaqqii waloo fi tooftaa biyyoota lamaaniin ta’uu qaba-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Oct 14, 2025 490
Onkoloolessa 4/2018(TOI-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee xalayaa muudamaa ambaasaaddara Gibxi Itiyoophiyaatti haaraa muudaman Abayida El Dandarawin har’a fudhataniiru. Odeeffannoon TOI’n waajjira pirezidaantiirraa argate akka agarsiisutti pirezidaant Taayyeen ambaasaaddaricha waliin marii taasisan irratti hariiroo gama hedduu bara dheeraa biyyoota lamaan jidduu ture kaasaniiru. Dhimmoonni teekiniikaa hafan biyyoota lamaan jidduu jiru jiraatanis dandeettii, tattaaffii waloo fi tooftaa biyyoota lamaaniin qofa kan bira gahamu ta’uu himaniiru. Biyyoonni lamaan hariiroosaanii qonna dabalatee gama Industirii, maanuufaakchariingii fi dameelee biroo hedduutiin itti fufuu akka qaban cimsanii kaasaniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee xalaayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa fudhatan
Oct 14, 2025 306
Onkoloolessa 4/2018(TOI)- Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee xalaayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa har’a fudhatan. Pirezidaant Taayyeen sirna har’a masaraa biyyaalessaatti gaggeeffamerratti muudama ambaasaaddaroota haaraa biyyoota garagaraa fudhataniiru. Kanneen muudamasaanii Pirezidaant Taayyeef dhiheessan keessaa ambaasaaddarri Mooriitaaniyaa Iil Hawusen Oldi Naagii, ambaasaaddarri Kaazaakistaan Jaalgaas Adiilbayeev, ambaasaaddarri Vaatikaan Bireen Adiigiigiwii, ambaasaaddarri Baangilaadiish Eer Vayis Maarshaal Siitwaat Nayeem fi ambaasaaddarri Liigii Arabaa Mahaammad Omar Al Marhonni’eeramu. Haala walfakkaatuun Ambaasaaddarri Indooneejiyaa Faayizil CheriyiSiidarti, ambaasaaddarri Sarbiyaa Davor Tirkuljaa fi ambaasaaddarri Siwiidin Manyus Leenartison xalayaa muudamasaanii dhiheeffataniiru. Dabalataanis ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikolaas Siimaard, ambaasaaddarri Siiwuzerlaand Riikared Chaandaa, ambaasaaddarri Gibxi Abayidaa Iil Dandarawuyi, ambaasaaddarri Hangaarii Atiilaa Tooz, ambaasaaddarri San Mariyano ambaasaaddar Peeroo Skaarpeliinii fi ambaasaaddarri Turkimenistan Makkaa Ishaneguliyeeb xalayaa muudamasaanii dhiheeffataniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii kennan
Oct 14, 2025 279
Onkoloolessa 4/2018(TOI- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Jibutiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii kennaniiru. Ambaasaaddar Laggasaa Tulluu Jibutiitti ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun ramadamaniiru. Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluu xalayaa muudamasaanii Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee harkaa fudhachuun karaa pirezidaantii mana murtii waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat waadaa galaniiru. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ambaasaaddara Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii hariiroo hunda galeessa Itiyoophiyaa fi Jibutii caalaatti guddisuuf dandeessisu kennuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera. Ministirri dhimma alaa Geediyoon Ximootiwoos fi de’eetaan ministira alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee sirnicharratti argamaniiru. Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluu Kanaan dura ministira Tajaajila komunikeeshinii mootummaa ta’uun tajaajiluunsaanii niyaadatama.
Obbo Saandokaan Dabbabaa komishinara komishinii humna nuukilaaraa Itiyoophiyaa ta’uun muudaman
Oct 14, 2025 320
Onkoloolessa 4/2018 (TOI)-Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad obbo Saandokaan Dabbabaa komishinara komishinii humna nuukilaaraa Itiyoophiyaa gochuun muudaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Onkoloolessa 4 bara 2018 irraa eegalee obbo Saandokaan Dabbabaa komishinara komishinii humna Nuukilaaraa Itiyoophiyaa gochuun muuduusaanii waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Pirojektoonni gurguddoon biyyoolessaa kabajaa fi jaalala Alaabaan guddatanii akka dhugoomaniif dirqama ogummaa keenyaa cimsina
Oct 13, 2025 393
Onkoloolessa 3/2018(TOI)- Pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti qabaman kabajaa fi jaalala Alaabaan guddatanii akka dhugoomaniif dirqama ogummaa saanii akka cimsan hoggantoonnii fi ogeessonni Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Mirkaneessan. Hoggantoonnii fi ogeessonni TOI Guyyaa kabaja Alaabaa Biyyoolessaa 18ffaa mataduree “Alaabaan keenya bara gammachuu Guddummaa Itiyoophiyaa, tokkummaa sabdaneessummaa keenyaaf ,Birmadummaa keenyaa fi Haaromsa Itiyoophiyaatiif ” jedhuun Marii paanaalii fi Sirna Alaabaa boonsuun kabajaniiru. Hoggantoonnii fi ogeeyyiin guyyaa Alaabaa yeroo kabajan pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti qabaman dhugoomsuuf kabajaa fi jaalala Alaabaan guddaan dirqama ogummaasaani bahuun ta’uu ibsaniiru. Alaabaan keenya Itiyoophiyaanonni Qormaatilee baroota keessa ishee mudate Injifannoon darbuun daangaa biyyaa eegsisuuf aarsaa dhiigaa kaffaluun Aasxaa birmadummaa argatan ta’uu dubbataniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaan TOI Seyifee Darribee Itiyoophiyaan isheerra darbee Afrikaa kan boonsu yerootti pirojektoota gurguddoo biyyoolessaa dhugomsaa jirtu kabajnii fi jaalalli Alaabaa caalaatti guddata jedhaniiru. Pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti eegalaman caalaatti tokkummaa cimsuun galmaan gahuuf waadaa keenya haaressuu qabna jedhaniiru. Hojiiwwan Misoomaa gurguddoon akka biyyaati eegalaman gara duubaatti akka hin deebineef waliin tumsuu qabna jedhaniiru. Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Itti AanaanQopheessaa Olaanaa Deeskii Naannoolee Ballaxaa Adinoo Pirojektoota gurguddoo biyyoolessaa qabaman kabajaa fi jaalaala Alaabaa guddaan raawwachuuf dirqama ogummaa keenyaa cimnee ni baana jedhaniiru. Keessumaa jijirama biyyoolessaa booda Itiyoophiyaanonni caalaatti Tokkummaasaanii Cimsuun Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa dhugoomsaniiru jechuun kan kaasan immoo TOItti Itti AanaanQopheessaa Olaanaa Deeskii Naannoolee Habtaamuu Akliiluuti. Kunis Kabaja Biyyaa fi Alaabaa caalaatti kan guddisuu fi humna ofiin raawwachuu kan argisiisedha jedhaniiru. Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Dursaan garee Qunnamtii Naannoolee Yohaannis Wandiraad barreeffama ka’umsa marii yeroo dhiheessan TOI ergama waliigaltee biyyoolessaa fi ijaarsa biyyaa gahumsaan bahuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Itti Aanaa hojii raawwachiisaa Olaanaa Nagaasii Ambaayee yaada gudunfaa kennaniin Itiyoophiyaa fi uummannishee Abbootii keenya duriin Abbaa Alaabaa seenaa barreeffameeti jedhaniiru. Dhaloonni Seenaa Boonsaa Abbootii keenyaa eegee ashaaraasaa kaa’uun carraawwan jiran duguugee fayyadamuu qaba jedhaniiru. Itiyoophiyaan Afriikaaf akkasumas Addunyaaf seenaa boonsaa kan qabdu ta’usheen seenaa kana eeguun tursiisuu fi kabaja Alaabaa ol kaasuun dirqama hundaa ta’uu kaasaniiru.

Hawaasummaa
Barmaatilee miidhaa geessisan ittisuuf hirmaannaan hawaasaa akka cimu gaafatame
Oct 16, 2025 89
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Barmaatilee miidhaa geessisan ittisuu fi to’achuu irratti hirmaannaan hawaasaa akka cimu ministeerri dhimma dubartootaa fi hawaasummaa gaafate. Qo’annoon akka lakk. Faranjiitti bara 2008 gaggeeffame akka agarsiisutti barmaatileen miidhaa geessisan 140 ol akka jiran ministeerichi TOI’f ibseera. Kanneen keessaa dhaqna qabaan dubartootaa, heeruma umuriin malee, ilkee baasuu, arraba xinnoo muruu fi kanneen biroo akka keessatti argaman eereera. Gochoonni kun irra caalaa karaa aadaa akka raawwataman ministeerichatti ogeessi olaanaa mirga dubartootaa hubachiisuu ministeerichaa Geetinnat Abebbil dubbataniiru. Mootummaan gochoota miidhaa geessisanii fi humnaan dubartootarratti raawwataman hir’isuuf akkasumas dhabamsiisuuf tarsiimoowwan hojiirra oolcheen jijjiiramni gaariin galmaa’uu mirkaneessaniiru. Gurmaa’isoonni hawaasaa ilaalcha hawaasaa jijjiiruu fi barmaatilee miidhaa geessisan hir’isuun qooda guddaa waan qabaniif fuulduras akka cimsan gaafataniiru. Akkaataa qo’annoo ummataa fi fayyaa bara faranjootaa 2016 gaggeeffameen dhaqna qabaan dubartootaa bara 2000 bakka turerraa dhibbantaa 79 tuqaa 9 irraa bara 2016 gara dhibbantaa 65tti gadi buusuun danda’ameera jedhaniiru. Gama biraatiin hojiilee guddaa hojjetamaniin barmaatileen miidhaa geessisan kan badan akka jiran dubbataniiru.
Hospitaalichatti tajaajila waldhaansaa si’ataa fi ariifataa argachaa jirra –tajaajilamtoota
Oct 15, 2025 224
Onkoloolessa 5/2018(TOI)-Hospitaala rifaraalaa Yuunivarsiitii Ambootti tajaajila waldhaansaa si’ataa fi ariifataa argachaa jirrachuu tajaajilamtoonni dubbatan. Waldhaanamtoota keessaa Damoozee Hordofaa Kanaan dura hospitaalichatti tajaajilamuuf darabee yeroo dheeraaf eeguu fi bu’aa bayiin tureera jedhan. Qorichis Hoospitaalichatti akka salphaatti waan hin jirreef qoricha bituuf baasii Dabalataaf saaxilamaa turuu dubbataniiru. Yeroo ammaa hojmaanni hospitaalichaa fooyya’ee tajaajila si’ataa argachaa akka jiran eeranii, hojiin gaariin eegalame akka cimu gaafataniiru. Yeroo ulfaa hordofuu kan dhufan adde Gammadee Getahun, hordoffiif hospitaalichatti wayita deddeebi’an tajaajila waldhaansaa fooyya’aa argachaa akka jiran dubbataniiru. Kanaan dura bu’aa bayiin hedduun akka ture yaadatanii, yeroo ammaa battalatti kaardii baasanii tajaajila waldhaansaa argachuusaanii ibsaniiru. Obbo Tarrafaa Gaaddisaa mucaasaanii waldhaanchisuuf gara hospitaalichaa dhufanii hojmaanni hospitaalichaa teeknooloojiin deeggaramuusaatiin tajaajila fooyya’aa argachuun alatti yeroos akka qusateef kaasaniiru. Daarektarri tajaajila waldhaansaa hospitaala rifaraalaa Yunivarsiitii Amboo Dr. Kiisuu Masqalee hojiileen tajaajila hospitaalichi kennu hojjetamaa turuu dubbataniiru. Keessumaa Kaardii kennuurraa eegalee waldhaanamtoonni dafanii tajaajila akka argatan tajaajilli teeknooloojiin deeggarame eegalamuu ibsaniiru. Meeshaaleen waldhaansaa garagaraa guutamuusaaniitiin imala, baasii fi bu’aa bayii waldhaansa fooyyee argachuuf Finfinnee fi bakkeewwan birootti ture hambisuun akka danda’ame kaasaniiru. Hojii gaggeessaan hospitaala rifaraalaa Yunivarsiitii Amboo Dr. Gonfaa Mootii gamasaaniin,hoospitaalicha galtee barbaachisuun guutuuf hojjetamaa turuu kaasaniiru. Haala Kanaan Hawaasni naannawichaa baasii fi bu’aa bayiif osoo hin saaxilamiin bakka jirutti waldhaansa fooyya’aa argachuusaa dubbataniiru. Hojii hospitaalicha babal’isuuf hojjetameen tajaajiloonni sammuu, Kaansarii, Kalee fi kanneen biroo haala fooyya’aan kennaa akka jiran ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad du’uu ministira muummee Keeniyaa duraanii Rayilaa Odiingaatti gadduusaanii ibsan
Oct 15, 2025 235
Onkoloolessa 5/2018(TOI)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad du’uu ministira muummee Keeniyaa duraanii Rayilaa Odiingaatti gadduusaanii ibsaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin du’a Raayilaa Odiingaatti gadduusaanii ibsanii jajjabina guddaa hawwaniiru.
Magaalaa Finfinneetti Galmeen miseensummaa Inshuuraansii fayyaa hawaasaa Haaraa fi idileen eegalame
Oct 15, 2025 232
Onkoloolessa 5/2018(TOI)- Buufataalee Fayyaa Kutaa Magaalaa Magaalaa Finfinnee hunda jiranitti Galmeen Miseensummaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Idilee fi Haaraan eegaluusaa Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee ibse. Bara baajataa 2018 hawaasni Miiliyoona 2 fi kuma 75 ol fayyadamoo Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa taassisuuf karoorfamuu biirichi ibseera. Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinneetti Galmeen Ishuuraansii Fayyaa Hawaasaa Haaraa, Idilee Haaromsiisuu fi raawwiisaa waliigala ilaachisuun ibsi kennameera. Itti gaafatamaan Biirichaa Dr. Yohaannis Caalaa eegumsa fayyaa Hawaasaa dagaagsuuf hojiiwwan Biirichi hojjetu keessaa Inshuraansiin fayyaa hawaasaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis Waggoottan darban hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan quubsaan galmaa’uu eeruun, Magaalittiitti bara 2017 Lammiileen Miiliyoona 2 fi kuma dhibba shanii ol miseensa Inshuuraansii Hawaasaa ta’uusaanii dubbataniiru. Buufata fayyaa fi Hospitaalotatti miseensonni Miiliyoona 2 fi kuma 83ol maatiisaanii Tajaajila Yaalaa Salphaarraa hanga guddaatti argachuusaanii ibsaniiru. Bara 2018 Haaromsa miseensota duraanii raawwachuu fi dhibbentaa 10 miseensota haarawaa dabaluun kutaa hawaasaa miiliyoona 2 fi kuma 75 ol fayyadamoo taassisuuf karoorfamuu eeraniiru. Galmichi hanga ስadaasa 30 bara 2018tti kan turu ta’uu itti gaafatamaan Biirichaa ibsaniiru. Bulchiinsa Magaalichaatti kaffaltiin idilee mirkanaa’e birrii kuma 2 ta’uu ibsuun harka qalleeyyota immoo baasiisaanii bulchiinsi magaalaa akka kaffalu eeraniiru. Hawasni Ofiisaa fi maatiisaa baasii tasaa irraa eeguuf miseensa Inshuuraansii fayyaa Hawaasaa ta’u akka qaban hubachiisaniiru.
Diinagdee
Hawaasni waliin dhahiinsa appilikeeshinii hawaasummaan irra gahurraa akka ofeeggatu gaafatame
Oct 16, 2025 47
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)-Qaamoleen appilikeeshiniiwwan hariiroo hawaasummaan yaka waliin dhahuu raawwatan seeraan akka gaafataman hojjechaa akka jiru tajaajilli nageenya faayinaansii beeksise. Namoonni gocha waliin dhahuurratti bobba’an tokko tokko beekamtii fi eyyama namoota dhuunfaan ala Moobaayiliisaanii seenuun appilikeeshinii quunnamtii hawaasaa namoota dhuunfaa odeeffannoowwan iccitii kanneen akka (watis appii fi telegiraamii) kkf hatuun gocha maallaqa waliin dhahuu irratti bobba’uusaanii tajaajilichi ibseera. Waliin dhooftonni kunneen appilikeeshiniiwwan hriiroo hawaasaa erga to’atanii booda abbaa akkaawuntii isa dhugaa fakkaachuun maatii, fira, hiriyyaa fi miiltoo hojii nama sanaan galmaa’aniif bilbiluun ergaa barreeffamaa akka waan maallaqa rakkatanii fakkeessanii erguun akkaawuntii baankii kaayyoo waliin dhahuuf qophaa’etti akka ergamuuf taasisu jedheera tajaajilichi. Tajaajilli nageenya Faayinaansii eeruu isa qaqqaban bu’ureffachuun qaamolee gocha yakkaarratti bobba’an adda baasuu fi hordofuun seeraan akka gaafataman dhaabbilee qooda fudhattootaa waliin qindaa’ee hojjechaa akka jiru odeeffannoo TOI’f ergeen beeksiseera. Hawaasni gocha waliin dhahuu kana ittisuuf ergaa bilbilasaan ergamuuf deebii osoo hinkenniin dura ergaan kun sirrii ta’uusaa karaa adda addaa mirkaneessuun ofeeggannoo akka godhu hubachiiseera. Akkasumas ergaa ofeeggannoo dhaabbilee addaddaarraa darban hordofuun gocha yakkaarraa akka ofeeggatuu fi yakka raawwatame yoo argu qaamolee seera kabachiisaniif akka beeksisu waamicha dhiheesseera.
Sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyeessuun fayyadama misoomaa lammiilee kan fooyyessu dandeettiin galii uumamaa jira
Oct 16, 2025 56
Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyeessuun fayyadama misoomaa lammiilee kan fooyyessu dandeettiin galii uumamaa jiraachuu hooggantoonni biirolee galiiwwanii naannoo ibsan. Hooggantoonni biiroo galiiwwanii naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Gaambeellaa TOI’tti akka himanitti, galii karoorfame milkeessuuf kutannoon hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Hoogganaan biiroo galiiwwanii Oromiyaa Rasfaayee Tulluu, sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyaa diriirsuun galiin walitti qabamu guddachaa jira jedhaniiru. Hubannoon kaffaltoota Gubiraa guddachaa dhufuun, fooyya’insi hojmaataa fi sochiin dinagdee naannichaa bu’ura taaksii bal’isuun galiin walitti qabuuf carraa guddaa uumaa akka jiran dubbataniiru. Hoogganaan biiroo galiiwwanii naannoo Amaaraa Kibrat Mahimud, kafaltiin teeknooloojiin deeggarame bu’aa bayii tajaajilamtootaa fi baasii hinmalle hir’isuun faayidaa guddaa gumaachaa akka jiru ibsaniiru. Hoogganaan biiroo galiiwwanii naannoo Gaambeellaa Cheenkoo Deeviid, dandeettii galii guddisuunhojiileen misoomaa fayyadama dinagdee fi hawaasummaa lammiilee guddisan hojjetamaa jiru jedhaniiru. Bara bajataa 2018 hubannoon galii walitti qabamu fooyyessan uumuu fi sirna tajaajila dijitaalaa diriirsuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Fooyya’insi Dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa Invastimantii fi Daldalaaf haala mijataa uumeera
Oct 16, 2025 61
Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Fooyya’insi Diinagdee goroo guutuu Itiyoophiyaan hojiirra oolchite Invastimantii fi Daldalaaf caalaatti haala mijataa uumuusaa Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr.Alamuu Simee ibsan. Sagantaan baniinsaa Yaa’ii fi agarsiisa misooma daldalaa Paakistaan-Afriikaa 5ffaan Finfinnee galma bar-kumeetti gaggeeffameera. Yaa’ii fi agarsiia Misooma Daldalaa fi agarsiisaarratti dhaabbileen Omishaa paakistaan 150 ol hirmaachaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaa Baninsaa Kanarratti haasaa kan taassisan Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr.Alamuu Simee Itiyoophiyaan balbala seensa Afriikaa ta’uu ibsuun, Daldalaa fi Invastimantiif haalli mijataan jiraachuu hubachiisaniiru. Mootummaan kallattiin Invastimantii Alaa guddisuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru. Ministirichi itti dabaluunis, Itiyoophiyaa keessa filannoowwan Invastimantii bal’aan jiraachuu kaasuun, Qonnaan, Industiriiwwan omishaa fi dameelee biroon humna bal’aa qabaachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaa Gidduugala Daldalaa cimaa taassisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu fi Misoomni Dinagdee Guddinashee kan itti fufsiisan meegga pirojektoonni hedduu ijaaraa jiraachuushee dubbataniiru. Kanneen keessaa Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi xumuramuu, hojiiwwan Qonnaa Wabii nyaataa Mirkaneessuuf hojjetaman , Kaka’umsa Ashaaraa Magariisaa, pirojektiiwwan Gaaziin Uumamaa, Ijaarsi waarshaa Xaa’oo kanneen eeramanidha jedhaniiru. Hojiirra oolmaan Fooya’insa Dinagdee gooroo guutuu Paakistaan dabalatee biyyoota Addunyaa biroo waliin dureeyyiin hedduun gara Itiyoophiyaa dhufuun Invast akka godhaniif haala mijataa akka uume eeraniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Paakistaan Atiif Shariif gamasaaniin,Yaa’iin Misooma Daldalaa Paakistaanii fi Biyyoota Afriikaa gidduutti michummaa Diinagdee jiru caalaatti akka jabeessu ibsaniiru. Yaa’ii fi Egzibiishinii qophaa’erratti kaampaanonni paakistaan 150 ol hirmaachuusaanii ibsuun, har’a dabalatee guyyoota walitti fufan sadiif kan gaggeefamu ta’uu mirkaneessaniiru. Egzibiishinichaan omisha qoricha wal’aansaa fi meeshaalee, bu’aawwan miidhaginaa fi kunuunsa gogaa, uffata adda addaa, bu’aawwan Qonnaa soorataa fi kanneen Kanaan wal qabatn, meeshaawan jijiirraa Awutoomootivii fi omishawwan biroon dhihaataniiru.
Misoomni Kooriidaraa Harar Magaalattii miidhagina dabalataa gonfachiiseera
Oct 16, 2025 56
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Misoomni Kooriidaraa Harar jiraattotaaf bakka jireenyaa mijataa uumuun alatti magaalattii miidhaginaa fi dammaqina dabalataa gonfachiisuusaa jiraattonni dubbatan. Misoomni Kooriidarii Magaalotaa Finfinnee fi magaalota naannolee garagaraa keessatti raawwatamuusaatiin bakka jireenyaa fi bashannanaaf mijataa taasisaniiru. Harar magaalaan ganamaa keessummaa simachuu fi miidhagina isheen beekamtu misoomni kooriidaraa miidhagina dabalataa fi bakka bashannanaa filatamaa kan uumameef ta’uu jiraattonni gabaasaan TOI dubbise ibsaniiru. Misoomni Kooriidaraa bakka jireenyaa mijataa uumuun alatti miidhaginaa fi dammaqina dabalataa magaalattii gonfachiisuu isaa kaasanii, kanattis gammanneerra jedhan. Jiraattota magaalattii keessaa Caaltuu Usmaan fi Abdulqaadir Ibraahim, misoomni kooriidaraa keessumaa bu’urri misoomaa daandii mijataa akka ta’u godheera jedhaniiru. Magaalattiitti daandiin namaa fi konkolaataa walkeessa waan tureef balaaf saaxilaa akka ture yaadachiisanii, misoomni kooriidaraa bu’ura misoomaa hundaaf mijatu uumuusaa ibsaniiru. Daandii lafoo dabalatee daandiin bishkileetii, konkolaataa fi bakkeen magariisaa kan gargar baafame ta’uu jireenyaa fi bashannanaaf akka mijattu godheera jedhan. Obbo Wandimmaagany Laashtawu fi obbo Alamaayyoo Zallaqaa gamasaaniin, hojiileen misooma kooriidaraa magaalattii kallattii garagaraan ijaaraman daandii lafoo, misooma magariisaa, bakkeewwan bashannanaa fi daandiiwwan Bishkiliitii walkeessa qabatanii Magaalaa Harar caalaa miidhagduu fi hawattuu ishee taasiseera jechuun dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Afriikaa Hanga Ishee Madaaluun Addunyaatti Beeksisuuf gaheen miidiyaa Pulse of Africa olaanaa dha
Oct 13, 2025 243
Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Miidiyaan Pulse Of Africa Paan Afrikaanizimii gadi fageenyaan hubachiisuun bakka muraasa Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti qabdu akka jijiiiru Qorataan Miidiyaa fi koomunikeeshinii ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Miidiyaa Pulse Of Africa eebbisanii yeroo hojii eegalchiisan Miidiyichi hojii eegaluunsaa waa’ee Afriikaa Faallaan kan dhihaatu qolachuuf akkasumas seenessa mataa keenyaa ofii keenyaan bocuun hojii keenya kan itti hojjennu tarkaanfii barbaachisaadha jechuunsaanii ni yaadatama. Miidiyaan PulseOfAfrica hundeeffamuun tarkaanfii fuuldura ilaluu Ilaaluu ta’uu ibsuun waltajjii Addunyaatti cimaa fi sagalee Afriikaa guddaa dhageessisuuf bu’uura ta’uu yeros ibsuun isaanii ni beekama. Yuunvarsiitii Jimmaa Kutaa Barnootaa Miidiyaa fi Koomunikeeshiniitti barsiisaa fi qorataan Miidiyaa fi Komunikeeshinii Dr.Geetachoo Xilahuun TOI’f akka ibsanitti Hawaasichi sochii Hawasummaan, Dinagdee fi Siyaasaani gama hundaan qabu gabasuuf humnisaa kan jabaatee fi Miidiyaan qaqabsiisuu yoo jirateedha. Gama Kanaan Miidiyaa Pulse Of Africa sochii namummaa akka Ardiitti jiru dammaqinaan gabaasuun hawaasaaf qaqqabsiisuun nurraa eegama jedhaniiru. Dabalataanis Miidiyaa Pulse Of Africa Paan Afriikaanizimii seenessuun Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti bakka murtaa’aa qabdu guddisuu akka danda’u nan amana jedhaniiru. Hanqina odeeffannoo Afriikaa jiruu fi dogoggoroota jiru sirreessuun qabeyyee gurmaa’ee fi guutuu kennuun miidiyaa dorgomaa fi dhageettii qabu ta’ee argamuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Afriikaan Akka biyyoota giddugaleessa Bahaa, Chaayinaa fi biyyoota biroo Miidiyaa dhiibbaa geessisu akka hin qabne eeruun, Miidiyaa Pulse Of Africa hanqinoota kana guutuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaafi humna akka Ardiitti jiru, Kennaawwan fi taateewwan dorgomaa taassisuu dandeessisan Addunyaaf beeksisuurratti cimsee akka hojjetu gaafataniiru. Miidiyaa sagalee Afriikaa dhageessisuu danda’u ta’uuf imala qabiyyee kallattii hundaa, odeeffannoo fi carraaqqii walirraa hincinne jabeessuun akka eegamu himaniiru. Miidiyaan Pulse Of Africa akka Ardiitti dhageettii kan dabalan, tokkummaa kan gabbisan dhimmoota waloorratti xiyyeeffatee yoo hojjete dadhabe osoo hinjete, amma barbaadamu kan gumaachuu fi dhiibbaa ni’uuma jedhaniiru. Akka nama Miidiyaatti mul’ata Pulse Of Africa nan dinqisiifadha kan jedhan qorataan kun, akka Ardiitti miidiyaa dhimmoota walitti fidan xiyyeeffannoo addaan hojjetu nubarbaachisa ture, amma Palsi oof Afriikaan banameera jedhan. Itiyoophiyaan Afriikaa walitti fiduun qooda hundeeffama gamtaa Afriikaarratti qabdu sana kaasanii, amma ammoo miidiyaa Afriikaa Ijaartee hojii eegalchiisuunshee kan dinqisiifamu ta’uu cimsanii ibsaniiru. Dhimmoota bu’uraa Industirii miidiyaaf barbaachisan keessaa tokko odeeffannoo ta’uu eeranii, gama miidiyaatiin bakkarraa gabaasuun hojiilee qorannoo hojjechuun, gadi bu’uun haala hawaasaa agarsiisuu danda’uun, dhimmoota biyyoota garagaraa dandeettii ofiinhojjechuu xiyyeeffannoon akka kennamuuf gaafataniiru. Gama biraatiin miidiyaan pulse of Africa bifoonni Ardii addunyaaf akka ifooman Itiyoophiyaan baasii fi dandeettii isheetiin hojii eegalchiisuushee eeranii, mootummoonni biyyoota Afriikaa biroon akka dhimmasaaniitti ilaalaniiodeeffannoo kennuun,taateewwan isaaniirratti affeeramuun, dhimmoota biyyasaanii jiran gabaasuuf akka galan eyyamuun fi tumsa gochuun hojjechuun akka isaanirraa eegamu gorsaniiru. Miidyaan kun dhiibbaalee kan damdamatu, fudhatamaa fi dhageettii akka qabaatu kan isa taasisu dhimmoota gurguddoo dhimmoota Ardii qaban ofdanda’uun gaggeessuu, yaanni kan ittiin ibsamu akka ta’u ajandaa bocee hojjechuun irraa eegama jedhaniiru.
Nageenya Saayibarii eegsisuun dhimma birmadummaa biyyaa ta’uun hubatamuu qaba
Oct 11, 2025 270
Onkoloolessa 1/2018(TOI)-Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan wal qabatu ta’uu hubachuun hojiileen qindoominaa damee Kanaan hojjetaman cimanii itti fufuu akka qaban hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ibsan. Sirni jalqabsiisa baatii nageenya Saayibarii biyyaalessaa 6ffaan gaggeeffamaa jira. Hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ergaa dabarsaniin waggoottan jijjiiramaa darban gama hundaanuu hojiileen misoomaa milkaa’oon hojjetamaniiru. Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa giddicha dabalatee Pirojektoonni gurguddoon eebbifaman fi eegalaman kan bayyanachuun Itiyoophiyaa jalqabamuu agarsiisan kutannoo mootummaan misooma egeree fi guddinaaf qabu qabatamaan kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hojmaattota dijitaalaa sochii guyyuu lammiilee fi tajaajila mootummaa si’achiisan hojeessuun jijjiiramoonni qabatamaa argamuu kaasaniiru. Yeroo ammaa tajaajiloonni dhaabbileen kennaman 900 ol karaa teeknooloojii tajaajilamtootaaf kennamaa akka jiran eeraniiru. Teeknooloojii fi misoomni waliin deemu kan jedhan ministirri kun, nageenyi misoomaa eegamee akka turu gochuurratti xiyyeeffachuun hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan walitti hidhamu waan ta’eef hojiileen damee Kanaan hojjetaman cimanii ittifufuu akka qaban hubachiisaniiru. Kanaaf ammoo hojiileen hubannoo karaa addaddaa kennaman qooda guddaa akka qaban eeraniiru. Baatiin nageenya Saayibarii hojiilee akka biyyaatti nageenya Saayibarii irratti hojjetaman hubachiisuuf carraa kan uumuu fi hojmaata qindaa’aa dhaabbilee cimsuuf kan gargaarudha jedhaniiru. Kanaaf hojiileen nageenya Saayibarii ilaalchisuun guutuu biyyaatti raawwataman karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf hundi qoodasaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiifteetti
Oct 10, 2025 287
Fulbaana 30/2018(TOI)- Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiisuu akka dandeesse hooggantuun pirees sekreetaariyaatiin waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Yaa’iin hooggantoota ‘COMESA’ 24ffaan kaleessa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hooggantoonni biyyoota miseensa ‘COMESA’ irraa walitti dhufan yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’icharratti dubbii dubbataniin ajandaa fooyyessa dinagdee mandhalee Itiyoophiyaaf dijitaalaayizeeshiniin utubaa ijoo ta’uu kaasaniiru. Bu’ura misoomaa cimaa kan akka inisheetiivii leenjii koodarsii ijaaruu fi ogummaa bal’aa horachuutiin Itiyoophiyaan bu’aa quubsaa galmeessisaa akka jirtu eeruusaanii hooggantuun pirees sekreetaariyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum dubbataniiru. Carraaqqiiwwan hedduun kunneen guddinaa fi jijjiirama Itiyoophiyaa gaggeessuu fi bu’ura misoomaa dijitaalaa cimaa uumuuf kutannoo qabdu kan agarsiisan ta’uu eeraniiru. Hojiileen Itiyoophiyaan jalqabde kan akka sirna waraqaa eenyummaa biyyaalessaa fi tajaajiloota mootummaa atomeet gochuun guddina damee dijitaalaaf akka fakkeenya ijootti kan fudhataman ta’uu eeraniiru. Sagantaaleen inisheetiivii akka akka leenjii koodarsii Dargaggoonni ogummaa dijitaalaa qabaatanii damee Kanaan jijjiirama qabatamaa akka fidan kan gargaaran ta’uu ta’uu eeraniiru. Ministirri muummee dubbii dubbataniin carraaqqiiwwan dijitaalaayizeeshinii biyya keessaa bu’aa guddaa akka agarsiisan galmoota riijinii waliin walsimuu akka qabu dubbachuusaanii hoggantuun kun ibsaniiru. Itti dabaluunis, ministirri muummee dargaggoonni Afriikaa misoomaa fi guddina Ardichaaf qabeenya ijoo ta’uusaanii kaasuusaanii eeraniiru. Biyyoonni Afriikaa kennaa fi dandeettii gabbataa dargaggoota ardichaatti fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojii itti jiru cimsee itti fufeera-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Oct 8, 2025 368
Fulbaana 28/2018 (TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojii itti jiru cimsee itti fufuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebeeibsan. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob damee Boolee har’a eebbifamee hojii eegaleera. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Dr.Warquu Gaachanaa, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa fi hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa fi keessummoonni waamaman sirna eebbaarratti argamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti,kenniinsa tajaajilaa bulchiinsichaa saffisiisuuf yoomiyyuu caalaa xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Sirna kenniinsa tajaajilaa bulciinsichaa si’ataa gochuuf kutannoon hojjechuu keenya itti fufneerra jedhaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob dameen Boolee kenniinsa tajaajia bulchiinsichaa guddaa ammayyeessuun fi bu’aa ba’ii lammiileera gahu hir’isuun cehumsa dinagdee dijitaalaa si’achiisuuf nigargaara. Wiirtuun kun bu’urri misoomaa dijitaal teeknooloojii kan guuttate waan ta’eef tajaajila hannaa fi hojmaata badaarraa bilisa ta’e kennuuf ni gargaara jedhaniiru. Hojmaata walxaxaa Kanaan dura ture salphisuun hawaasni tajaajila si’ataa akka argatu ni gargaara jechuun dubbatan kantiibaa Adaanech. Bulchiinsi magaalichaa tajaajila kennu ammayyeessuuf hojii itti jiru cimsee ittifufuusaa eeraniiru.
Ispoortii
Taphni piriimer Liigii Ingiliz torbaffaan har’a jalqabama
Oct 3, 2025 976
Fulbaana 23/2018 (TOI)- Taphni piriimer Liigii Ingiliz jalqabaa torbaffaan Bornimawuz fi Fulhaam jidduutti har’a nitaphatama. Taphni garee lamaanii galgala sa’aatii 4tti Istaadiyeemii Vaayitaaliitii gaggeeffama. Bornimawuz qabxii 11’n jahaffaa, Fulhaam qabxii saddetiin sadarkaa 11ffaarratti argama. Kilaboonni lamaan piriimar Liigiin yoo waliin taphatan kun kan salgaffaati. Taphoota saddet Kanaan dura taphatamaniin Bornimawuz yeroo afur yoo mo’atu Fulhaam yeroo lama mo’ateera. Yeroo lama ammoo walqixa bahaniiru. Taphoota liigii bara dorgommii 2024/25 taasisaniin Bornimawuz yeroo tokko yoo mo’atu taphoota hafaniin qabxii qooddataniiru. Bornimawuz sagantaa turban jahaffaan Liidsi Yuunaayitid waliin 2 fi 2’n yoo xumuru Fulhaam Astonviilaadhaan 3 fi 1’n mo’ameera. Sagantaan Piriimar Liigii Ingiliz turban toorbaffaan amma Fulbaana 25 bara 2018tti nitura.
Shaampiyoonsi Liigii Marsaa 15’f kan mo’ate Riyaalmaadiriid tapha shaampiyoonsi liigiin kaayirati Almaatii waliin nitaphata
Sep 30, 2025 708
Fulbaana 20/2018(TOI)-Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaa marsaa lammaffaan Riyaal maadriid garee kaazakistan Kaayiraatii Almaatii waliin har’a nitaphata. Taphni Kilabootaa lamaanii galgala sa’aatii 1fi daqiiqaa 45tti Istaadiyeemii Artaalikitti nigaggeeffama. Tapha jalqabaa Riyaalmaadiriid Marseeyin 2 fi 1n yoo Injifatu, Kaayirati Almaatii ispoortingiin lizbeeniin 4 fi 1 mo’ameera. Kilabiiwwan lameen shaampiyoonsi liigiin yoo wliin taphatan kun kan jalqabaati. Injifataan Dorgommii yeroo marsaa 15ffaa RiyaalMaadiriid taphicha gaggeessuuf imala xiyyaaraa naannoo kilomeetirii kuma 7 kan taassise ijoo dubbii ta’eera. Imalichi Qophii qaamaa Taphattootaarratti dhiibbaa akka geessisu dubbatamaa jira. Haaluma walfakkaatuun galgala sa’aatii 1 fi daqiiqaa 45tti kilabii Atilaantaa kilab Biruuj waliin nitaphatu. Shaampiyoonsi Liigii Marsaa 15’f kan mo’ate Riyaalmaadiriid tapha shaampiyoonsi liigiin kaayirati Almaatii waliin nitaphata Galgala sa’aatii 4 irratti taphoonni 7 ni gaggeeffamu. Chelsiin Benefiika, galatasarayi Liivarpuul, paafos baayer muniik, Atileetikoomaadriid Intiraakit Firaankifart, Intermiilaan Silaaviyaa piraag, Marseey ayaakisi fi bodo gilimti Totanihaam hotispersi waliin nitaphatu.
Waancaan Itiyoophiyaa Onkloolessa 9 eegala
Sep 30, 2025 624
Fulbaana 20/2018(TOI)-Waancaan Itiyoophiyaa bara 2018 Onkoloolessa 9 bara 2018 akka eegalu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksise. Dorgommii Marsaa jalqabaa Onkoloolessa 9 hanga 11 bara 2018tti gaggeeffamurratti gareen Liigii Olaanoon nihirmaatu. Gareen kun Magaalota Dorgommii Marsaa keessatti gaggeeffamanitti ramaddiisaaniin tapha walii gaggeessuun gareen injifatan marsaa lammaffaan piriimer liigii Itiyoophiyaa waliin walitti makamanii akka taphatan federeeshinichi hubachiiseera. Walaayitaa Diichaan yeroo kana garee Waancaa Itiyoophiyaa injifatedha.
Piriimer Liigicha dursaa kan jiru Liivarpool Kiristaal Paalaas waliin nitaphata
Sep 27, 2025 890
Fulbaana 17/2018 (TOI)-Sagantaan torban jahaffaa Piriimer liigii Ingiliz taphoota har’a taphatamaniin ittifufa. Olmaa guyyaa jalqabaa turban jahaffaatiin taphoonni Toorba nigaggeeffamu. Saganticha keessaa liigicha dursaa kan jiru taphni Livarpool Landan Kibbaa dhaquun guyyaa keessaa sa’aatii 11tti taphatu keessatti argama. Livarpool qabxii 15niin sadarkaa tokkoffaa irra kan jiru yoo ta’u Kiristaal Paalaas qabxii sagaliin sadarkaa shanaffaarra jira. Livarpool yoo mo’ate qabxii Arsenaal waliin qaban yeroof gara saddetiitti guddata. Kiristaal paalaas fi Livarpool amma ammaatti liigichaan hinmo’amne. Cheelsiin Biraayitan, Maanchastarsiitiin Barnleeyi fi Liidsi Yuunaayitid Barnimaawuz waliin salaatii walfakkaataa guyyaa keessaa sa’aatii 11tti nitaphatu. Birentifordi Manchastar Yuunaayitid waliin guyyaa keessaa sa’aatii 8 fi 30tti nitaphatu. Nootiingihaam Forest Sandarlaand waliin galgala sa’aatii 1 fi 30tti, Astonviilaan Fulhaam waliin galgala sa’aatii 4tti nitaphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 47
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufeera
Oct 11, 2025 364
Onkoloolessa 1/2018 (TOI)- Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Hoogganaan waajjira godina Wallagga Lixaa obbo Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, waggoottan walitti aanan darban godinichatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban dhaabamaniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman bu’a qabeessa akka ta’an jiraattonni godinichaa kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Keessumaa kunuunsi biqiltuuwwan ganna darbe sagantaa ashaaraa magariisaan dhaababaniif taasifamu cimee gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Walumaa gala biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan godinichatti dhaabaman naannawicha magariisaan guutuurra darbee hojii qonnaafis deeggarsa gochaa akka jiran ibsaniiru. Biqiltuu kunuunsuurratti kan argman keessaa adde Leellisee Birhaanuu, biqiltuuwwan baatii gannaa asharaa magariisaan dhaabaman kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan naannawasaaniitti dhaabamaniin jijjiiramni qabatamaa dhufaa jiraachuu waan hubataniif ammas kunuunsa cimsaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Garramuu Nagaraa gamasaaniin, biqiltuuwwan dhaabaman akka guddatan qoodasaanii bahaa akka jiran dubbataniiru. Hundi naannawasaatti Biqiltuu kunuunsuun guddisuu qaba kan jedhan ammoo obbo Natsaannat Abbabaa yoo ta’an biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman faayidaa garagaraa kennaa akka jiran ibsaniiru.
Tarkaanfii fi kutannoon Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf fudhatte dinqisiisaadha
Sep 25, 2025 1006
Fulbaana 15/2018(TOI)- Tarkaanfii fi kutannoon cimaan Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiisaadha jechuun ibse inistiitiyuutiin dhaabbata qorataa idil addunyaa Istookhoolm Invaaronment ibse. Qulqullinni qilleensaa qilleensi ammam faalamarraa bilisa? Kan jedhu kan ittiin safaramudha. Biyyoonnii fi dhaabbileen safartuuwwan qulqullina qilleensaa qopheessuun qilleensi qulqulloodha moo faalameera kan jedhu madaaluun qulqullinasaa fooyyessuuf nihojjetu. Qulqullinni qilleensaa fooyya’uunsaa dhibeef saaxilamuu hir’isuuf, qilleensa naannawaa eeguu fi jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf qooda murteessaa qaba. Inistiitiyuutiin Istookhoolm Invaaromentaal A.L.Atti bara 1989 hundeeffame qormaattonni haala qilleensaa, qilleensa naannawaa fi misooma fulla’aa akka furaman yaada saayinsaawaa qorannoo fi qu’annoo nidhiheessa, deeggarsa gabbisa dandeettii nitaasisa. Deeggarsa dhaabbanni imaammata Saayinsii idil addunyaa taasisu keessaa biyyoonni qulqullina qilleensaa akka fooyyessan deeggaruudha. Inistiitiyuutii Istookhoolm Invaaromentaalitti ogeessii fi qorataan qulqullina qilleensaa Nigongangi Waanjii Danub turtii TOI waliin taasisaniin, Kutannoo cimaa Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa ilaalchisee yeroo yerootti odeeffannoo walitti qabuun dursuun faalama ittisuuf hojiin itti jirtu jajjabeessaadha jdhaniiru. Odeeffannoowwan sadarkaa dhaabbataatti galtee imaammataaf oolchuuf kutannoo jiru dinqisiifataniiru. Karoora bulchiinsa qulqullina qilleensaa fi qulqullinni ittiin to’atamu qopheessuunfaalama qilleensaa dursaan ittisuuf akka dandeessisu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi hojii abbaan taayitaa eegumsa naannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee magaalichatti odeeffannoo qulqullina qilleensaa walitti qabuu fi to’annoo qulqullina qilleensaa hojjechaa jiru deeggaraa akka jiru ogeessi kun ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hojjetu dabalatee Humna Itiyoophiyaan dhaabbilee garagaraa keessatti qabdu odeeffannoowwan qulqullina qilleensaa yeroo yerootti walitti qabuun faalama hir’isuuf cimtee hojjechuu akka qabdu gorsaniiru. Qulqullina Qilleensaa fi odeeffannoo haala qilleensaa haala Qindaa’een fayyadamauun faalama ittisuurratti bu’aa hunda galeessafiduuf hojjechuun akka malu hubachiisaniiru. Invaarometaal Inistitiyuutii Istookholmi Itiyoophiyaa dabalatee sadarkaawwan qulqullina qilleensa biyyoota Afriikaa akka fooyyessan deeggarsa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Sadarkaa safartuu qulqullina Qilleensa biyyoolessaa fi hojiirra oolmaa imaammataa fi deeggarsa gabbisa dandeettii kennaa jiraachuu eeraniiru. Odeeffannoo Qulqullina Qilleensaa biyyoota Afriikaa haala qilleensa biyyoolessaa waliin walitti hidhuurratti akka argamu ogeessi kun ibsaniiru. Biyyoon buufata raaga haala Qilleensaasaaniitti odeeffannoo haala qilleensasaanii waliin odeeffannoo haala qilleensa walitti hidhanii fayyadamuun bu’aa barbaadamu fiduuf akka hojjetanii fi cehumsa gara Dinagdee Magariisaatti taassisan akka saffisiisan hubachiisaniiru. Dhimmi qulqullina qilleensa Afriikaa caasaa dhaabbataa fi hammattoo imaammataan dabaluuf hojii eegalan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa
Sep 12, 2025 1390
Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan. Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle. Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera. Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti. Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru. Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba. Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru. Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru. Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru. Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru. Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru. Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru. Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 7771
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 6342
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.