Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Maashinoonni biyya keesatti hojjetamanii albuudaa qindeessan yeroo dhihootti gara hojiitti galu – Inistitiyuuticha
Dec 24, 2025 118
Mudde15/2018(ENA)–Soonawwan faaya Albuudaa dabaluun kan oomishan sharafa alaa kan argamsiisaniifi guddisuu kan dandeessisan maashinoonni biyya keessatti kan oomishaman kan albuudota muran, laaffisan, boca baasan yeroo dhihootti gara hojiitti akka galan Inistitiyuutiin Misooma Albuudaa beeksiseera. Rood Maappiin misooma faaya albuudaa fi ijaarsi teekinooloojii dijiitaalaa xumuramaa jiraachuun ibsameera. Itti waamaamaa Ministeera Albuudaa kan ta’e Inistitiyuutiin Misooma Indaastirii dameen faaya Albuudaa Qorannoo fi qo’annoon, teekinoloojii, ijaarsa dandeettiin deeggaruun itti gaafatamummaan kan kennameefii yoo ta’u, kanaanis sharafa alaa damichaan argamu guddisuu akkasumas kallattii fi al-kallattiin lammiileef carraa hojii bal’aa uumuuf kan kaayyeffatedha. Inistitiyuutichatti hojii raawwachiisaan Qorannoo Arteezinaalii fi faaya misooma Albuudaa doktar Geeraa Tacaanaa akka ibsanitti, biyyattiin Albuudawwan faayaa adda addaa qabaattus hanga ammaatti hanga barbaadamu galii irraa argachuu hin dandeenye. Kanaafis Albuudarratti sonni osoo itti hin dabaliin gabaa alaaf dhihaachuusaanii, hanqina humna namaa qaroomee fi itti fayyadamni teekinooloojii gad aanaa ta’uu akka sababaatti kaasaniiru. Dabalataanis rakkoolee faayinaansii fi bu’uuraalee misoomaa waldaalee oomishtoota albuudaa, Saayinsii qulqullinaa fi gatii sibiilota gatii qabeeyyii murteessuu danda’u kan ta’e ‘Gemology’ irratti hubannoo dhabuun, rakkoon biroo immoo kontiroobaandiin babal’achuu ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee kana furuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, inititiyuutichi Yuunvarsiitii Walloo waliin qindoominan hojjechaa jiru akka fakkeenyaatti kaaseera. Kana hordofuun yuunvarsiiticha waliin ta’uun maashinoota Albuudaa muran, laaffisa, boca kan baasuuf kan tajaajilu biyya keessatti akka qophaa’an taassifamuu fi yeroo dhihootti gara hojiitti akka galan dubbataniiru. Ijaarsi Teekinoolojii Dijiitaalaa damichaa sirnaan gaggeesuu danda’u hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, yeroo dhihootti xumuramee gara hojiitti akka galamu ibsaniiru.
Mootummaan lammiilee dahannoo yeroo keessa jiraniif xiyyeeffannoo hunda duraa gochuun, deeggarsa namoomaa fi nyaataa taasisaa jira - Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa
Dec 24, 2025 88
  Mudde 15/2018(ENA)- Mootummaan lammiilee dahannoo yeroo keessa jiraniif xiyyeeffannoo hunda duraa gochuun, deeggarsa namoomaa fi nyaataa taasisaa jiraachuu ibse Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa. Naannoo Tigiraayitti godina Kaaba Lixaa,aanaa Asgadaa Hitsaatstti laammilee qe’ee isaani irraa buqqa’anii dahannoo yeroo keessa jiraniif deeggarsi wal irraa hin cinne taasifamaafii jiraachuu komoshinichi ibseera. Buqqaatota kanneeniif deeggarsi hin taasifamne gabaasni jedhu dogoggora ta’uu himeera. Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Naannoo Tigiraayitti godina Kaaba Lixaa, aanaa Asgadaa Hitsaatsitti laammilee qe’ee isaanii irraa buqqa’anii dahannoo yeroo keessa jiraniif deeggarsa namoomaa ilaalchisuun ibsa kenneera. Komishinichi xiyyeeffannoo dursaa kennuun deeggarsa namootaa kenna jiraachuu ibseera. Haata’u malee miidiyaalee hawaasaa garagaraan gabaasni deeggarsa namoomaa lammiilee dahannoo yeroo Hitsaatsii keessa jiraniif kennamaafii hin jiru kan jedhu dogoggora ta’uu ibseera. Gabaasni sun haala qabatamaa naannicha keessa jiru kan hin ibsine ta’uu himeera. Deeggarsi namoomaa waggaa guutuu osoo adda hin citiin taasifamaafii jiraachuu ibseera. Lammiilee kanneeniif deeggarsi namoomaa osoo adda hin citiin taasifamaafii jiraachuu eeruun, bara kanas Fulbaana 2018 hanga baatii Muddee 2018 ttis deeggarsi namoomaa guutuun, osoo adda hin citiin taasifamaafii jiraachuu ibseera Komishinichi.   Dahannoo yeroo aanaa Isgadaa keessa ji'oota afran darban keessatti lammiilee kuma 14 fi 413f deeggarsa taasisuu yaadachiiseera. Dabalataanis lammiilee dahannoo ollaa jiran dabalatee baatii Fulbaanaatti lammiilee kuma 16fi 775, baatii Onkoloolessaa keessa kuma 18fi 290, baatii Sadaasaa kuma 17 fi 813 akkasumas baatii Muddee kuma 14 fi 413f deeggarsa namoomaa soorata isaan barbaachisu rabsuu ibseera. Haaluma kanaan, walumaa galatti midhaan soorataa kuntaalli kuma 11fi 406 (qamadii, bishingaa, midhaan dheedhii fi zayitiin nyaataa) baatiiwwan afran darban keessa kan isaan qaqqabe ta’uu komishinichi ibseera. Deeggarsichis gaafa maallaqaan timaamamu birrii miliyoona 257 ol ta’uu akka danda’u ibsa isaan ibseera. Gama biraatiin gaaffiin deeggarsaa karaa bulchiinsa yeroo naannichaan yoo dhiyaate, Mootummaan Federaalaa deeggarsa namoomaa kennuuf qophii ta’uu ibseera. Komishinichi ibsa isaa keessatti deeggarsi hawaasa buqqa’eef taasifamu kaayyoo yaadameef qofa akka oolu gochuuf qaawwi jiraatus, qaawwi kuni akka guutamu gochuun itti gaafatamummaa bulchiinsa yeroo naannichaa ta’uu ibseera.
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddinaa fi ce’umsa damee ijaarsaaf carraa guddaa uuma
Dec 24, 2025 81
  Mudde 15/2018(ENA)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddinaa fi ce’umsa damee industirii ijaarsaa teekinooloojiin ammayyeessuun gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf humna guddaa akka uumu Inistitiyuutii Manajimantii Konistiraakshiniitti daarektarri olaanaa injiinar Taammiraat Muluu ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 wayita ifatti eegalsiisan, dhaqqabummaa babal’isuun, carraa walqixxummaa lammiilee uumuun, lammiilee fi dhaabbilee gidduutti wal amantaa uumuun galmoota ijoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistitiyuutii Manajimantii Konistiraakshinii Itiyoophiyaa injiinar Taammiraat Muluu ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, ammayyaa’aa fi bara waliin dorgomaa ta’ee itti fufuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaa ta’uu eeraniiru. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 damee ijaarsaaf carraa gaarii fidee dhufuu eeruun,damichaaf ce’umsa olaanaaf akka gargaaru ibsaniiru.   Inistitiyuutichi teekinooloojii Biimiin kan eegale, hojiirra oolmaa dijitaalaa hojii to’annoo, mirkaneessa qulqullinaa fi adeemsa hojii biroo keessatti hojiirra oolmaan tarsiimoo teeknooloojii murteessaa waan ta’eef ciminaan itti fufuu akka qabu eeraniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaan eegalte irraa inistitiyuutichi fayyadamoo ta’uu eeruun daarektarichi, tarsiimoon dijitaalaa 2030 damee ijaarsaa addunyaatti dorgomaa taasisuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Yunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa kan ta’an doktar Yohaannis Raggaasaa akka ibsanitti, dameen ijaarsaa mala aadaa irraa gara dijitaalaatti milkaa’inaan cesisuuf tarsiimoon dijitaalaa bara 2030 murteessaa ta’uu ibsaniiru.   Itiyoophiyaa keessatti fedhii fi dhiyeessiin mana jireenyaa kan wal hin ginne, haala itti fufiinsa qabuun furuuf teeknooloojiin ijaarsaa ‘3D’ murteessaa ta’uu ibsuun, qabeenya naannootti argamu fayyadamuun manneen salphaatti ijaaruuf akka gargaaru ibsaniiru. Galmoonni tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qabattes, damee indaastirii ijaarsaa waliin waan wal simuuf, damicha ammayyeessuuf gahee olaanaa qaba jedhaiiru.
Sirni Faayinaansii Dijiitaalaa hoj-maata badaa ittisuun tajaajila si’ataa kennuuf shoorrisaa olaanaadha- Biiricha
Dec 24, 2025 76
Mudde15/2018(ENA)– Sirni Faayinaansii Dijiitaalawaan qabeenyi uummataa fi mootummaa murtaa’aa ta’e kaayyoo qabameefiif oolchuu fi hojmaata badaa ittisuurra darbee tajaajila si’ataa kennuuf shoorrisaa olaanaa ta’uu Biirooon Faayinaansii Magaala Finfinnee ibse. Hojmaatni dijiitaalaa yeroon kan barbaaduu fi sirni qabannaa ragaa ammayyaa’aan akka jiraatu dandeessisuurra darbee faayidaa hedduu qaba. Keessumaa damee faayinaansiin hojmaata badaa ittisuu fi qabeenya Mootummaa hojii karoorfameefirra oolchuuf murteessaa ta’uu ogeeyyiin damichaa fi hoggantoonni hojii ibsan. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti gaafatamaan biiroo faayinaansii magaalaa Finfinnee Abdulqaadir Reediwaan ENA‘f akka ibsanitti, galma ”Ismaarti siitii”Magaalaa Finfinnee dhugoomsuuf tajaajilli Dijiitaa dhaabbileen kennan Murteessaa ta’uu ibsaniiru.   Yeroo ammaa dhaabbileen Bulchiinsa Magaalichaa keesatti argaman hundi hojmaata saanii Dijiitaala taasisuurratti akka argaman eeruun, kunis tajaajila si’ataa kennuurra darbee, tajaajilamtoonni bakka jiran ta’anii tajaajila akka argatanii fi hojmaata badaa ittisuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Biirichi hanga ammaatti gabaasota herregaa, Baajata, Miindaa hojjettootaa fi bittaa elektirooniksii dijiitaala taasisuu kan ibsan hogganaan kun, gara fuulduraattis tajaajiloota biroo Dijiitaalaan eegalchiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.   Komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa magaalaa Finfiinneetti Daarekatarri Karooraa fi faayinaansii Tabaarak Yooseef gamasaaniin, dhaabbata keessatti hojmaanni dijiitaalaa hojiirra ooluun baajanni mootummaa murtaa’aan eeyyamame karoora qabameefiif qofa akka oolu gochuurratti faayidaa guddaa qaba. Haaluma wal fakkaatuun komishinii hooggansa hojii ibiddaa fi balaa magaalaa Finfinneetti daarektarri karoora faayinaansii fi bajataa sodaa balaa fi ibidaa Magaalaa Finfinnee Damee Aqaaqii Qaallittii Aaddee Shittaayee Gabree, Hojmaatni Faayinaansii dijiitaalaa hojii saffisiisuuf, dogoggora hojii sirreessuu fi yeroo qusachuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.   Mistirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Mudde 11 bara 2018 Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo ifoomsanitti bu’uuraalee misomaa tajaajila hawaasaan hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsuun isaanii ni yaadatama. Itiyoophiyaan sadarkaa murteessaa jedhamuun gurgurtaa maallaqa callaarraa gara sirna faayinaansii Dijiitaalatti ce’uushee ibsaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaase
Dec 23, 2025 179
Mudde 14/2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaaseera. Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee 5ffaa bara hojii 5ffaan gaggeesseera. Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo wixineen labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi Kuwaaraantaayinii oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Wixineen labsii kun ilbiisa biqiltuu midhaanirratti uumamu sirna hojmaataa dursanii ittisuu diriirsuudhaan qisaasa midhanii hir’isuun oomishtummaa midhaanii dabaluudhaan oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee gamasaaniin, Itiyoophiyaan bqiltuu fi lubbu qabeeyyii hedduu qabaattus hammattoo seeraa qabeenya uumamaa qabdu sirnaan itti fayyadamuuf gargaaru hin qabdu ture. Kunis hmmattichi boodatti hafaa fi to’annoof mijataa waan hin taaneef labsii kana fooyyessuun barbaachisuunsaa ibsameera. Wixineen labsii kun dhiibbaa sababa ilbiisaa fi aramaa biqiltuurratti mudatuun oomishtummaa qonnaarratti qaqqabu sirna to’annoo cimaatiin ittisuuf akka gargaaru himaniiru. Wixineen labsii eegumsa biqiltuu fi kuwaaraantaayinii kun waliigalteewwan eegumsa biqiltuu idil addunyaa ka’umsa godhachuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Wixineen labsii kun Itiyoophiyaan qabeenya biqiltuu qabduuf kunuunsa barbaachisu gochuun fayyadama dinagdee guddisuuf dandeettii uumuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensonni mana maree wixinee labsii kanarratti yaada kennuun sagalee guutuun raggaaseera. #ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin wal quunnamtu turte gaafachuun ishee kan seerri deeggarudha- Hayyoota
Dec 23, 2025 218
  Mudde 14/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin ittiin wal quunnamtu turte gaafachuun kan seerri deeggaru ta’uu hayyoonni hubachiisani. Hayyoonni ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii dhalootaa waan ta’eef ciminaan itti fufamuu kan qabu dha. Yunivarsiitii Asoosaatti diinii fi Qorataan Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa doktar Abbabaa Aannoo akka jedhanitti; Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kanaan dura biyyoota addunyaa waliin walqunnamtu akka qabaattu gaaffiin gaafattu dhimma bu’uuraa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba. Kanaan dura ulaa galaanaa isheen biyyoota alaa waliin daldalaan, daawwannaan akkasumas hojiilee birootiin hariiroo cimaa qabdu turte eeruun, kanas seenaan ragaa ta’uu himaniiru. Haata’u malee waggoota 30 as ulaa galaanaa ishee shira siyaasaan dhabuun kan nama gaabbisiisuu fi gaddisiisu dha jedhan. Ulaa galaanaa ishee dhabdee osoo jirtuu akka waan homtuu hin’uumamneetti callisuun sirrii akka hin taane ibsuun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu itti amanamee ifaajii dhaloota ammaatiin tattaaffiin jalqabame murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya aadaa fi uummata guddoo qabdu akka isheen ulaa galaanaa hin qabaanne seerri dhorku hin jiru kan jedhani immoo Yunivarsiitii Yuniitiitti Barsiisaa Hooggansaa fi Hariiroo Idil Addunyaa doktar Geetiyyee Tirfeedha. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gaaffiin kuni seeraanis, seenaanis akkasumas uumama haala teessuma lafaanii fi seera idil addunyaatiinis fudhatama kan qabu ta’uu dubbatan. Yunivarsiistii Wachaamootti barsiissaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Mulu’alam H/Maariyaam gama isaaniin ulaan galaanaa bu’aalee hedduu qabu gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu murteessaa dha jedhan. Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa, qorataa siyaasaa Afrikaa Bahaa fi barreessaa Daawit Masgabee gama isaaniin sababni Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee dhabdeef shira akka ta'es dubbatan. Ulaan galaanaa nageenya riijinichaa fi hariiroo hawaasaa cimsuuf shoora olaanaa waan qabuuf milkaa’ina isaaf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhan.
Ergamaa fi dirqamoota biyyoolessaa nutti kenname gootummaan bahachuuf qophiidha- Eebbifamamtoota Miseensota Komaandoo Addaa
Dec 22, 2025 254
  Mudde 13/2018(ENA)- Nageenya biyyaa fi ummataa eegsisuuf dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaan bahachuuf qophii ta’uu isaanii ibsan Miseensonni koomaandoo addaa eebbifaman. Poolisiin Itiyoophiyaa seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf miseensota humna komaandoo addaa kan akkaadaamii Poolisii Giddugala Leenjii Awaashitti leenji’an Kaleessa, bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti eebbiseera.   Humni Komaandoo Addaa kun beekumsaa fi gootummaadhaan oppereeshiniiwwan akka raawwatus himameera. Miseensonni eebbifamtoota komaandoo addaa biyyaa fiuummata isaanii gootummaanii fi namummaadhaan tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Konistaabil Miikiyaas Gabayyoo,konistaabil Mirtinash Takkaa fi konistaabil Abdii Tafarraa yaada isaanii ENAf kennaniin, leenjiin fudhatan leenjii jabeenya qaamaa qofa osoo hin taanee kan bilchina sammuu fi ogummaa oppereeshinii ta’uu dubbataniiru.   Haaluma kanaan ergama biyyaalessaa kamiyyuu gootummaan hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Leenjiin kunis ergama biraaf kan nama qopheessu ta’uu dubbataniiru. Biyyaa fi ummata badii kamirraayyuu eeguuf hanga wareegama lubbuutti qophii ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni kunneen dargaggoonni Itiyoophiyaa kaanis fakkeenya isaanii hordofuun biyya isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.   Eebbifamtoonni kunneen kutaalee biyyattii hundarraa kan walitti dhufan waan ta’eef, yeroon leenjiirra turan, yeroo tokkummaa Itiyoophiyaa qabatamaan itti argan ta’uu himaniiru.  
Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an marii ummataatiin kaafamaniiru-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Dec 21, 2025 326
Mudde 12/2018 (TOI)- Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an waltajjii ummataa magaalaa Miizaan Amaanitti gaggeeffamerratti bal’inaan kaafamuusaanii hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama. Mariiwwan ummataa gaggeeffaman ilaalchisuun hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo Biroon ibsa kennaniiru. Hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana marii ummataa naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa magaalaa Miizan Amaanitti taa’ame gaggeessuusaanii dubbataniiru. Namoonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa dhufan dargaggoonni, dubartoonni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonnii fi hojjettoonni mootummaa marii cimaa taasisuusaanii ibsaniiru. Hirmaattonni kunneen hojiiwwan hojjetaman dinqisiifachuusaanii fi wantoota sirraa’uu qabanis kaasuusaanii eeraniiru. Labsiiwwan Gubaa dabalatee dhimma ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa akka mikaa’an yaada bal’aa kaasuusaanii dubbataniiru. Yaadonni kaafaman kunneen ammoo gaabbii fi kaka’umsa caalu kan uuman waan ta’eef, hojiilee fuuldura akka biyyaatti hojjetamaniif galaa fi humna waan ta’aniif galtee ta’uun fudhatamu jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuutiin Nageenyaa fi Misooma Gaanfa Afriikaaf shoora adda durummaashee bahaa jirti
Dec 20, 2025 292
Mudde11/2018(ENA)- Itiyoophiyaan yaadama Ida’amuutiin Gaanfa Afriikaa jijjiiramaa ta’e keessatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf qooda adda durummaashee bahaa jiraachuu Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el ibsan. Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el (POA) waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan Biriiksitti(BRICS) tumsa gam hedduun sagalee Afriikaa dhageessisuuf hirmaannaa guddaa taassiaa jiraachuusee dubbataniiru. Haalli teessuma Gaanfa Afriikaa sochii daldalaaf mijattuu ta’uu kaasuun, sochiin daldala Addunyaa dhibbantaa 30 kan adeensifamu riijinii kana keessatti kan raawwatamu ta’u dubbataniiru. Riijinichi fedhiin qaamolee hedduu kan keessa jiru ta’uu Itiyoophiyaan Faayidaa biyyoolessaashee haala eegsisuun biyyoota waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuun Nageenyaa fi misooma gaanfa Afriikaa Jijjiiramaa ta’e mirkaneessuuf shoora adda durummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa Itiyoophiyaan Riijinichatti uumtu yaadama ida’amuun dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibaniiru. Karoora misoomaa milkeessuuf tumsa biyyoota waliin qabdu cimsuu akka qabdu eeruun kanaafis tattaaffii dhuunfaan olitti ida’amuun bu’aa qabeessa taasisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan walii galteen Daldala Riijinii bilisaa Afriikaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen Riijinii akka hundeeffamanii fi tokkummaan Afriikaa akka cimuuf Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahuushee ibsaniiru. Hidhi haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Dippiloomaasii cimaan xumurmuunsaa Itiyoophiyaarra darbee Afriikaan hundi kan itti boonu ta’uu kan kaasan Obbo Nabiyyuun, hidhichi walitti hidhaminisa Diinagdee Riijinichaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Gama biroon Itiyoophiyaan BRICS’tti tumsa gam hedduu fi hirmaannaa guddaa taassisuun ofirra darbitee sagalee Afriikaa dhageessisuushee ibsaniiru. Itiyoophiyaan Biyyoota Miseensa BRICS waliin tumsa qabdu cimsuun karoora misoomaa fi faayidaa biyyoolessaashee kabachiisuuf ni hojjetti jedhaniiru.
Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera  
Dec 20, 2025 257
Mudde11/2018(ENA)-Godina Gujii Lixaatti olaantummaa seeraa fi nageenyaa waraa mirkaneessuuf hojiin qindoominaa hawaasa hirmaachise cimanii ittifufuusanii Wajjirri Bulchiinsaa Godinichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajirichaa Obbo Ayyalaa Danbaa hidhattoonni duraanii waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii deebi’uunsaanii itti fufeera jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii gara nagaatti deebi’an leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamanii jireenya idileesanii akka gaggeeffatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Gara fuulduraattis Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya kabachiisuu fi cimsuuf hojiin qindoominaa hawaasa haala hirmaachise cimanii itti fufuu ibsaniiru. Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan kutaa miidiyaa fi komunikeeshinii Inispeektar Fayyeeraa Keeyiraddin, hidhattoonni duraanii guyyaa guyyaan gara daandii nagaatti dhufaa jiraachuu ibsaniiru. Karaa dogoggoraan rakkoo keessa kan seenan hidhattoonni duraanii gara nagaatti akka dhufaniif Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni waamicha taassisaa turuusaanii yaadachuun, kunis bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru. Jiraattota Godinichaa keessaa Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo, Jaarsolii biyyaa godinichaa fi kutaa hawaasaa biroo waliin ta’uun hidhattoota duriif waamicha nagaa taassisaa turuusaanii ibnsaniiru. Kanaanis hidhattoonni durii hedduun Aadaa fi duudhaasaanii akkasumas, waadaasaanii kabajuun deebi’aa waan jiraniif godinichatti nageenyi bu’eera jedhaniiru. Rakkoo mariin hiikuun ala wal miidhuurraa faayidaan argamuu fi jijiiramni dhufu hin jiru jedhaniiru. Hidhattoota gara nagaatti deebi’an keessaa, Liiban Shaggaa yaada kennanneen nageenya filachuun deebi’uun hawaasa miidhe kiisuuf qophaa’uusaa ibseera. Hidhattoonni bosonatti hafanis waamicha nagaa fudhatanii akka deebi’aniif dhaamsa dabarseera.

Hawaasummaa
Mootummaan lammiilee dahannoo yeroo keessa jiraniif xiyyeeffannoo hunda duraa gochuun, deeggarsa namoomaa fi nyaataa taasisaa jira - Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa
Dec 24, 2025 88
  Mudde 15/2018(ENA)- Mootummaan lammiilee dahannoo yeroo keessa jiraniif xiyyeeffannoo hunda duraa gochuun, deeggarsa namoomaa fi nyaataa taasisaa jiraachuu ibse Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa. Naannoo Tigiraayitti godina Kaaba Lixaa,aanaa Asgadaa Hitsaatstti laammilee qe’ee isaani irraa buqqa’anii dahannoo yeroo keessa jiraniif deeggarsi wal irraa hin cinne taasifamaafii jiraachuu komoshinichi ibseera. Buqqaatota kanneeniif deeggarsi hin taasifamne gabaasni jedhu dogoggora ta’uu himeera. Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Naannoo Tigiraayitti godina Kaaba Lixaa, aanaa Asgadaa Hitsaatsitti laammilee qe’ee isaanii irraa buqqa’anii dahannoo yeroo keessa jiraniif deeggarsa namoomaa ilaalchisuun ibsa kenneera. Komishinichi xiyyeeffannoo dursaa kennuun deeggarsa namootaa kenna jiraachuu ibseera. Haata’u malee miidiyaalee hawaasaa garagaraan gabaasni deeggarsa namoomaa lammiilee dahannoo yeroo Hitsaatsii keessa jiraniif kennamaafii hin jiru kan jedhu dogoggora ta’uu ibseera. Gabaasni sun haala qabatamaa naannicha keessa jiru kan hin ibsine ta’uu himeera. Deeggarsi namoomaa waggaa guutuu osoo adda hin citiin taasifamaafii jiraachuu ibseera. Lammiilee kanneeniif deeggarsi namoomaa osoo adda hin citiin taasifamaafii jiraachuu eeruun, bara kanas Fulbaana 2018 hanga baatii Muddee 2018 ttis deeggarsi namoomaa guutuun, osoo adda hin citiin taasifamaafii jiraachuu ibseera Komishinichi.   Dahannoo yeroo aanaa Isgadaa keessa ji'oota afran darban keessatti lammiilee kuma 14 fi 413f deeggarsa taasisuu yaadachiiseera. Dabalataanis lammiilee dahannoo ollaa jiran dabalatee baatii Fulbaanaatti lammiilee kuma 16fi 775, baatii Onkoloolessaa keessa kuma 18fi 290, baatii Sadaasaa kuma 17 fi 813 akkasumas baatii Muddee kuma 14 fi 413f deeggarsa namoomaa soorata isaan barbaachisu rabsuu ibseera. Haaluma kanaan, walumaa galatti midhaan soorataa kuntaalli kuma 11fi 406 (qamadii, bishingaa, midhaan dheedhii fi zayitiin nyaataa) baatiiwwan afran darban keessa kan isaan qaqqabe ta’uu komishinichi ibseera. Deeggarsichis gaafa maallaqaan timaamamu birrii miliyoona 257 ol ta’uu akka danda’u ibsa isaan ibseera. Gama biraatiin gaaffiin deeggarsaa karaa bulchiinsa yeroo naannichaan yoo dhiyaate, Mootummaan Federaalaa deeggarsa namoomaa kennuuf qophii ta’uu ibseera. Komishinichi ibsa isaa keessatti deeggarsi hawaasa buqqa’eef taasifamu kaayyoo yaadameef qofa akka oolu gochuuf qaawwi jiraatus, qaawwi kuni akka guutamu gochuun itti gaafatamummaa bulchiinsa yeroo naannichaa ta’uu ibseera.
Naannoo Oromiyaatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiru
Dec 23, 2025 206
Muddee 14/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichaa beeksise. Biirichi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisuu akkasumas miidhaa qaqqabu ittisuuf waltajjii marii Kaayyoo kana irratti xiyyeeffate Godina Baalee keessatti qaamolee adda addaa dhimmi ilaallatu waliin gaggeesseera. Itti Aanaa Itti Gaafatamtuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichaa Aaddee Samiiraa Faaris waltajjicharratti akka jedhanitti, Naannichatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu hir’isuuf qaamolee adda addaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira. Akkasumas mirga dubartootaa fi daa’imman eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman jijjiirama gaarii agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Rakkoo kana fulla’insaan hir’isuuf dubartoota humneessuu, hubannoo uumuu fi warra yakka raawwatan seeraan akka gaafataman gochuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Keessumaa hoggantoonni amantaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi hawaasni waliin ta’uun hojjechuun miidhaan dubartootaa irratti qaqqabu hir’achaa dhufuu isaa ibsaniiru. Biirichi haleellaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuun cinatti fayyadamummaa isaanii gama hundaan guddisuuf hojechaa jiraachuu ibseera. Godina Baaleetti deeggarsi Birrii miiliyoona 2 ol baasuun maashinii daabboo fi baabura midhaan daaku dubartoota waldaan gurmaa’aniif biirichaan taasifame tattaaffii taasifame agarsiisa jechuun ibsaniiru. Waltajjiin marii kunis gochaalee akka butii fi gaa’ila umurii malee dubartoota irratti raawwataman ittisuuf qindoomina qaamolee fhimmi ilaallatuu cimsuuf gahee guddaa akka qabaatu kan dubbatan Itti Gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Godina Baalee Aaddee Robdaa Jaarsoo dha. Godinichattis dhimma kana irratti hubannoo hawaasaa guddisuuf hojiilee eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Hirmaattonni waltajjii kanaas gochaaleen miidhaa geessisan aadaa miidhaa geesisan kannee barsiisa Gadaarraa ala waan ta’aniif rakkoon kun akka furamu itti gaafatamasaanii akka bahan dubbataniiru.  
Garaagarummaan Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi mootummaa ida’amuu bu’aa galmeessisaa jira
Dec 23, 2025 97
  Mudde 14/2018(ENA)- Garaagarummaan yaadaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi Mootummaa Ida’amuu bu’aa galmeessisaa jiraachuu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan. Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, Mootummaan Ida’amuu nageenya mirkaneessuuf karaa nagaa qofa ta’uu akka qabu ejjannoo qaba. Itiyoophiyaanonni daandii nagaa itti buusan, wal dhabdee ittiin furan duudhaalee kan mataa isaanii qabaachuu eeruun, duudhaaleen mandhalee siyaasaa fi hawaasummaa guddachuu akka qaban himaniiru. Hawaasni rakkoolee karaa ittiin furanii fi nageenya buusan, tokkummaa kan ittiin cimsani, biyya kamirraayyuu kan hin fudhaatamne muuxannoo waggoota dheeraa lakkoofsise qabu jedhan. Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu ilaalcha beekumsa mandhalee fi duudhaalee hawaasaa itti dhimma bahuun ijaarsa nageenyaa keessatti itti fayyadamuu qaba kan jedhu ijjannoo qaba jedhani. Mootummaan Ida’amuu nagaatti waan amanuuf qaamolee nageenya barbaadan waliin nagaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru. Qaamoleen nageenya lammiilee Itiyoophiyaa hin barbaanne akka jiran ibsuun, nageenya waaraa ijaaruuf karaa nagaa filachuun akka barbaachisu dhaamaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Mootummaan Ida’amuu nageenyi waaraa kan argamu karaa nagaa qofaan akka ta’e cimsee akka amanu eeruun, duudhaalee mandhalee hawaasaa gara imaammataa fi tarsiimootti jijjiiruun nageenya waaraa mirkaneessuun ijjannoo isaa akka ta’e ibsaniiru. Kanaanis karaa nagaan yaada ammayyaa’aa fi fudhatama qabu hojiirra oolchuun nageenya waaraa mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu bu’aan qabatamaan argamaa jira jedhani.
Diinagdee
Maashinoonni biyya keesatti hojjetamanii albuudaa qindeessan yeroo dhihootti gara hojiitti galu – Inistitiyuuticha
Dec 24, 2025 118
Mudde15/2018(ENA)–Soonawwan faaya Albuudaa dabaluun kan oomishan sharafa alaa kan argamsiisaniifi guddisuu kan dandeessisan maashinoonni biyya keessatti kan oomishaman kan albuudota muran, laaffisan, boca baasan yeroo dhihootti gara hojiitti akka galan Inistitiyuutiin Misooma Albuudaa beeksiseera. Rood Maappiin misooma faaya albuudaa fi ijaarsi teekinooloojii dijiitaalaa xumuramaa jiraachuun ibsameera. Itti waamaamaa Ministeera Albuudaa kan ta’e Inistitiyuutiin Misooma Indaastirii dameen faaya Albuudaa Qorannoo fi qo’annoon, teekinoloojii, ijaarsa dandeettiin deeggaruun itti gaafatamummaan kan kennameefii yoo ta’u, kanaanis sharafa alaa damichaan argamu guddisuu akkasumas kallattii fi al-kallattiin lammiileef carraa hojii bal’aa uumuuf kan kaayyeffatedha. Inistitiyuutichatti hojii raawwachiisaan Qorannoo Arteezinaalii fi faaya misooma Albuudaa doktar Geeraa Tacaanaa akka ibsanitti, biyyattiin Albuudawwan faayaa adda addaa qabaattus hanga ammaatti hanga barbaadamu galii irraa argachuu hin dandeenye. Kanaafis Albuudarratti sonni osoo itti hin dabaliin gabaa alaaf dhihaachuusaanii, hanqina humna namaa qaroomee fi itti fayyadamni teekinooloojii gad aanaa ta’uu akka sababaatti kaasaniiru. Dabalataanis rakkoolee faayinaansii fi bu’uuraalee misoomaa waldaalee oomishtoota albuudaa, Saayinsii qulqullinaa fi gatii sibiilota gatii qabeeyyii murteessuu danda’u kan ta’e ‘Gemology’ irratti hubannoo dhabuun, rakkoon biroo immoo kontiroobaandiin babal’achuu ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee kana furuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, inititiyuutichi Yuunvarsiitii Walloo waliin qindoominan hojjechaa jiru akka fakkeenyaatti kaaseera. Kana hordofuun yuunvarsiiticha waliin ta’uun maashinoota Albuudaa muran, laaffisa, boca kan baasuuf kan tajaajilu biyya keessatti akka qophaa’an taassifamuu fi yeroo dhihootti gara hojiitti akka galan dubbataniiru. Ijaarsi Teekinoolojii Dijiitaalaa damichaa sirnaan gaggeesuu danda’u hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, yeroo dhihootti xumuramee gara hojiitti akka galamu ibsaniiru.
Fayyadamummaa Dinagdee Dubartootaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira
Dec 23, 2025 111
Mudde 14/2018(ENA)–Fayyadamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu Ministeerri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ibse. Waltajjiin Diinagdee Dubartootaa biyyaalessaa 4ffaan Ministeerichi (UN.Women) fi ‘Action Aid’ waliin ta’uun qophaa’e Magaalaa Adaamaatti gaggeefamaa jira. Waltajjicharratti kan argaman Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee akka beeksisanitti, fayyadamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuun dhiibbaa irra jiru xiqqeessuuf qaamolee qooda fudhattootaa walin hojjetamaa jira.   Dubaartoonni humni diinagdeesaanii fooyya’aa ta’e hirkattummaarraa adda bahanii fi ofiin murteessummaansaanii kan guddaate akka ta’uu kaasaniiru. Galma misooma fulla’aa milkeessuuf fayydamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuun akka malu eeruun, damee hundaan dubartoota jajjabeessuu fi mirgasaanii kabachiisuun dhimma xiyyeeffannoon kennamuuf ta’uu ibsaniiru. Akkasumas Hojiiwwan inisheetiivii qonnaan olitti Industirii fi dameewwan biroon hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.   Fooramichi Dubartoota Dinagdeen gahoomsuu waliin wal-qabatee kallattiiwwan gara fuula duraa kan itti kaa’aman ta’uusaan, fayyadamummaa Dinagdeesaanii guddisurratti qaamolee qooda fudhattootaa waliin cimsuuf carraa uumeera jedhaniiru. Itti Aannaan Daarektara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN.Women) Itiyoophiyaa Mistar Shaadiraak Dusaabee gamasaaniin dubartoota gama hundaan gahoomsuu fi fayyadamoo taasisuu akka qaban dubbataniiru. Dubartoota Dinagdeen gahoomsuuf hirmaannaa fi qindoominni qama hundaa murteessaa ta’uu ibsuun, foramichi sagalee dubartootaa ta’uun qaamolee qooda fudattoota wal quunnamsiisuun qooda olaanaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.   Keessumaa tattaaffiin qindoominaa hoggantoonni mootummaa, dhaabbata hawaasa siivikii , deeggartoota dhaabbata misooma Idil- Addunyaa murteessaa ta’uu kaasaniiru. Ministeerichi qabeenya walitti qabuun dubartoota fayyadamoo taassisuuf sochii taasisaa jiru dhaabbatichi akka deeggaru eeraniiru.
Godina Shawaa Lixaatti Misooma Qamadii Jallisii boneen lafti hektaarri kuma 300 Sanyiin facaafameera  
Dec 23, 2025 101
Mudde 14/2018(ENA)–Godina Shawaa Lixaatti Misooma Qamadii Jallisii Boneen lafti hektaarri kuma 300 sanyiin facaafamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Godinichatti Aanaa tokkee kuttaayeetti hojiin Misooma Jallisii Qamadii Bonee hoggantoota godinaa fi Aanaaleen daawwatameera. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaa Abdiisaa Haayiluu akka jedhanitti, Qamadii jallisii Boneen lafa hektaara kuma 400 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Adeemsa hanga ammaan lafti hektaarri kuma 320 qophiin ooyruu xumuramee lafti hektaarri kuma 300 sanyiin facaafamuu eeruun waliigala lafa misoomerraa callaan kuntaalli Milliyoona 12 tuqaa 6 ni abdatama jedhaniiru. Misoma Jallisii Qamadii Bonee milkaa’aa taassisuuf Muuxannoo waggoottan darban irraa fudhachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessuma Xaa’oo Biyyee fi sanyii failatamaa haala fooyyee qabuun dhiheessuun danda’amuu fi qonnaan bulaan paakeejiiwwan qonnaa hojiirra akka oolchaniif deeggarsi ogummaa taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Tokkee Kuttaayee Obbo wayyeessaa Alamuu gamasaaniin, Aanichatti qonna kilaastaraa hojiirra oolchuun misoomni jallisii bonee hojjetamaa jira. Aanichatti lafti hektaara kuma 20 qamadiin misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 10 ol sanyiin facaafamuu ibsaniiru. Aanichatti ganda Imala dawweetti Aajootti Qaama karoorichaa kan ta’e lafa hektaara 102 irratti sagantaan sanyiin qamadii facaafasuu gaggeeffamuu eeruun hojii misoomaa kanarratti qonnaan bultoonni 208 kilaastaraan hirmaachaa jiru jedhaniiru. Qonnaan bultoota Aanichaa ENA ‘n dubbise akka jedhanitti, misooma jallisii boneen hirkattummaarra bahuun waggaatti yeroo sadii misoomsuu danda’usaanii dubbataniiru. Qonnaan bulaan Araarsaa Dilgaasaa akka jedhanitti erga misooma Qamdii Jallisii eegalanii asitti wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee galiinsaanii guddachaa maatiisaanii haala fooya’een gaggeeffachaa jiraachu ibsaniiru. Bara kanas qonnaan bultoota biroo kilaastaraan gurmaa’uun qamadii facaasuusaanii ibsuun hektaara tokkorraa callaa kuntaala 35 akka abdatan ibsaniiru. Qonnaan bulaan Biroon aanichaa Gammachuu Dandanaa waggoottan sadan darban qonnaan bultoota naannichaa waliin kilaastaraan Qamadii jallisii misoomsaa jiraachuu ibsuun, kanaanis fayyadamoo ta’uu ibsaniiru. Bara kana gama waajjira Qonnaa Aanichaan galteewwan omisha guddisanii fi Tiraaktarri dhihaateefii hojicha bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddinaa fi ce’umsa damee ijaarsaaf carraa guddaa uuma
Dec 24, 2025 81
  Mudde 15/2018(ENA)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddinaa fi ce’umsa damee industirii ijaarsaa teekinooloojiin ammayyeessuun gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf humna guddaa akka uumu Inistitiyuutii Manajimantii Konistiraakshiniitti daarektarri olaanaa injiinar Taammiraat Muluu ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 wayita ifatti eegalsiisan, dhaqqabummaa babal’isuun, carraa walqixxummaa lammiilee uumuun, lammiilee fi dhaabbilee gidduutti wal amantaa uumuun galmoota ijoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistitiyuutii Manajimantii Konistiraakshinii Itiyoophiyaa injiinar Taammiraat Muluu ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, ammayyaa’aa fi bara waliin dorgomaa ta’ee itti fufuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaa ta’uu eeraniiru. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 damee ijaarsaaf carraa gaarii fidee dhufuu eeruun,damichaaf ce’umsa olaanaaf akka gargaaru ibsaniiru.   Inistitiyuutichi teekinooloojii Biimiin kan eegale, hojiirra oolmaa dijitaalaa hojii to’annoo, mirkaneessa qulqullinaa fi adeemsa hojii biroo keessatti hojiirra oolmaan tarsiimoo teeknooloojii murteessaa waan ta’eef ciminaan itti fufuu akka qabu eeraniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaan eegalte irraa inistitiyuutichi fayyadamoo ta’uu eeruun daarektarichi, tarsiimoon dijitaalaa 2030 damee ijaarsaa addunyaatti dorgomaa taasisuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Yunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa kan ta’an doktar Yohaannis Raggaasaa akka ibsanitti, dameen ijaarsaa mala aadaa irraa gara dijitaalaatti milkaa’inaan cesisuuf tarsiimoon dijitaalaa bara 2030 murteessaa ta’uu ibsaniiru.   Itiyoophiyaa keessatti fedhii fi dhiyeessiin mana jireenyaa kan wal hin ginne, haala itti fufiinsa qabuun furuuf teeknooloojiin ijaarsaa ‘3D’ murteessaa ta’uu ibsuun, qabeenya naannootti argamu fayyadamuun manneen salphaatti ijaaruuf akka gargaaru ibsaniiru. Galmoonni tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qabattes, damee indaastirii ijaarsaa waliin waan wal simuuf, damicha ammayyeessuuf gahee olaanaa qaba jedhaiiru.
Sirni Faayinaansii Dijiitaalaa hoj-maata badaa ittisuun tajaajila si’ataa kennuuf shoorrisaa olaanaadha- Biiricha
Dec 24, 2025 76
Mudde15/2018(ENA)– Sirni Faayinaansii Dijiitaalawaan qabeenyi uummataa fi mootummaa murtaa’aa ta’e kaayyoo qabameefiif oolchuu fi hojmaata badaa ittisuurra darbee tajaajila si’ataa kennuuf shoorrisaa olaanaa ta’uu Biirooon Faayinaansii Magaala Finfinnee ibse. Hojmaatni dijiitaalaa yeroon kan barbaaduu fi sirni qabannaa ragaa ammayyaa’aan akka jiraatu dandeessisuurra darbee faayidaa hedduu qaba. Keessumaa damee faayinaansiin hojmaata badaa ittisuu fi qabeenya Mootummaa hojii karoorfameefirra oolchuuf murteessaa ta’uu ogeeyyiin damichaa fi hoggantoonni hojii ibsan. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti gaafatamaan biiroo faayinaansii magaalaa Finfinnee Abdulqaadir Reediwaan ENA‘f akka ibsanitti, galma ”Ismaarti siitii”Magaalaa Finfinnee dhugoomsuuf tajaajilli Dijiitaa dhaabbileen kennan Murteessaa ta’uu ibsaniiru.   Yeroo ammaa dhaabbileen Bulchiinsa Magaalichaa keesatti argaman hundi hojmaata saanii Dijiitaala taasisuurratti akka argaman eeruun, kunis tajaajila si’ataa kennuurra darbee, tajaajilamtoonni bakka jiran ta’anii tajaajila akka argatanii fi hojmaata badaa ittisuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Biirichi hanga ammaatti gabaasota herregaa, Baajata, Miindaa hojjettootaa fi bittaa elektirooniksii dijiitaala taasisuu kan ibsan hogganaan kun, gara fuulduraattis tajaajiloota biroo Dijiitaalaan eegalchiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.   Komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa magaalaa Finfiinneetti Daarekatarri Karooraa fi faayinaansii Tabaarak Yooseef gamasaaniin, dhaabbata keessatti hojmaanni dijiitaalaa hojiirra ooluun baajanni mootummaa murtaa’aan eeyyamame karoora qabameefiif qofa akka oolu gochuurratti faayidaa guddaa qaba. Haaluma wal fakkaatuun komishinii hooggansa hojii ibiddaa fi balaa magaalaa Finfinneetti daarektarri karoora faayinaansii fi bajataa sodaa balaa fi ibidaa Magaalaa Finfinnee Damee Aqaaqii Qaallittii Aaddee Shittaayee Gabree, Hojmaatni Faayinaansii dijiitaalaa hojii saffisiisuuf, dogoggora hojii sirreessuu fi yeroo qusachuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.   Mistirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Mudde 11 bara 2018 Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo ifoomsanitti bu’uuraalee misomaa tajaajila hawaasaan hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsuun isaanii ni yaadatama. Itiyoophiyaan sadarkaa murteessaa jedhamuun gurgurtaa maallaqa callaarraa gara sirna faayinaansii Dijiitaalatti ce’uushee ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 carraa itti fayyadama teeknooloojii mijeessuun kaka’umsa guddaa uumeera.
Dec 24, 2025 54
  Mudde 15/2018(ENA)- Hojiirra oolmaan tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 lammiilee Itiyoophiyaaf carraa itti fayyadama teeknooloojii mijeessuunii fi babal’isuun kaka’umsa guddaa uumeera jedhan ogeessonni damichaa Yunivarsiitii Madda Walaabuu. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad tibbana sagantaa jalqabsiisa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 irratti argamuun ibsa kennaniin, dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 milkaa’inaan hojiirra ooluun goolabamuu isaa ibsuun isaanii kan yaadatamudha. Milkaa’inni Dijitaalaa Itiyoophiyaa karaa hedduun ibsamuu danda’uu fi kenniinsi tajaajilaa dhaabbileen kennan karaa dijitaalaa ta’uu cimuu, keessumaa dhaabbileen faayinaansii milkaa’ina damichaaf agarsiiftuu gaarii ta’uu hubachiisaniiru. Ogeessonni damichaa turtii ENA waliin taasisaniin hojiirra oolmaan tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2025 lammiileen carraa teekinooloojiitti fayyadaman guddiseera jedhani. Yunivarsiitii Madda Walaabuutti barsiisaa Saayinsii kompiitaraa fi Diiniin Kolleejjii Kompiitiingii Miiliyoon Simee akka jedhanitti, tarsiimoon Dijitaalli Itiyoophiyaa bara 2025 guddina damichaaf bu’uura guddaa kaa’eera.   Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 uummanni tajaajiloota teekinooloojii adda addaa akka fayyadamu carraa baneera jedhani. Fakkeenyaaf hawaasni ‘Telebirr’, mala kaffaltii elektirooniksii, waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa fi teeknooloojiiwwan biroo fayyadamuun akka jalqabu carraa uumeera jechuun ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan tajaajila mootummaa bakka tokkotti kennuuf jalqabaman kan akka ‘Masob’ bu’aa gaarii damichaa agarsiisaniiru waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.   Sagantaa hojiirra oolmaa Dijiitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessatti dandeettii fi gahumsa dijitaalaa lammiilee guddisuu, galii mootummaa dabaluu, sirna odeeffannoo qindaa’aa diriirsuu irratti bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu isaa Diiniin Kolleejjii Manaajimantii fi Ikkonoomiksii Yuunivarsiitichaa Husaa Aloon ibsaniiru. Keessattuu, bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa tajaajila mootummaaf milkeessuun milkaa’inaan hojiirra oolchuu eeruun, Itiyoophiyaan daldala maallaqaa callaa irraa gara sirna faayinaansii dijitaalaatti ce’uu ishee akka fakkeenya milkaa’ina damichaatti ibsaniiru. Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 hojiiwwan waggoota shanan darban keessatti hojjetaman bu’uura godhachuun kan qophaa’e yoo ta’u, damee kanarratti bu’aa fooyya’aa argachuuf daandii kan saaqu ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti barsiisaa Sirna Odeeffannoo fi Kolleejjii Kompiyuutingitti daayreektarri qorannoo fi tajaajila hawaasaa kan ta’an Dibaabaa Adabaa, tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 kenniinsa tajaajilaa irratti bu’aa qabatamaa argamsiisuu isaa hubachiisaniiru.   Fakkeenyaaf, walitti hidhamiinsi dijitaalaa giddugala irraa gara aanaaleetti milkaa’ina kanaaf daran babal’achuu akka qabu ibsaniiru.
Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 biyya gara boqonnaa teekinooloojii  olaanaatti ceessisa 
Dec 24, 2025 44
Mudde15/2018(ENA)– Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 biyya gara boqonnaa teekinooloojii olaanaatti ceessisuun cehumsa diinagdee fiduuf qooda olaanaa akka taphatu hoggantoonni hojii mootummaa Olaanaoon ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisuun isaanii ni yaadatama. Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 waggoottan shanan darban hojiiwwan hojjetaman bu’uura godhachuun qophaa’uusaa wayita sana kaasaniiru. Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 galmoota ijoo sadii akka qabu kan dubbatan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, isaan kunis dhaqqabamummaa babal’isuu, Carraa walqixaa mijeessuu, dhaabbataa fi uummata gidduutti wal-amantaa uumuu ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo fi Neetwoorkii Tigisti Hamiid akka ibsanitti, tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 Keessaatti nageenya Saayibarii irratti bu’uurri hojii cimaa hojjechiisuu dandeessisu hedduun kaa’ameera. Kanaanis bu’uuraalee misoomaa Kilaawudii mataa keenyaa ijaarraachuu danda’uun tajaajila Dijiitaalaa Itiyoophiyaa amantaa qabu uumuun danda’amuu eeraniiru. Dhaabbilee Nageenyaaf mana qorannoo Fooransiikii Dijiitaalaa ijaaruun gara hojiitti akka galu taassifamuu eeruun, Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 tarsiimoo nageenyaa Saayibarii irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis bu’uuraalee misoomaa cimaa ijaaruu, Bu’uuraalee misoomaa hawaasaa ammayyeessuu, dhaabbata yeroo balaa deebii kennuu hundeessuu fi hojiilee nageeenyaa dhaabbilee dhunfaa dabalatee hojiin Saayibarii akka cimuuf kan hojjetamu ta’uu akka qabu dubbataniiru. Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 guddisuuf hubannoo namtolchee babal’isuuf kan dandeessisan hojiiwwan hedduun hojjetamuu kan ibsani immoo Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachaanaa dha. Kilaawudii mataa keenyaa fayyadamuun dabalatatti, sirna bulchiinsa odeeffannoo bu’aa qabeessa akka qabaannu akka taassifamu ibsaniiiru. Kanaafis haala qindaa’een odeeffannoon murtee kennuuf akka ooluuf kan hojjetamu yoo ta’u, kanaan wal-qabatee Abbaan Taayitaa Odeeffannoo walabaa Biyyaalessaa gara hojiitti akka galu himaniiru. Tajaajila Dijiitaalaa walsimsiisuu fi hojii itti fufinsa qabu hojjechuu irratti xiyyeeffannoo argachuu ibsniiru. Hojii Raawwachiiftuu Olaanaa Itiyoo-Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruu gama isaaniin akka jedhanitti, Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 damee teeleekoomiin bu’aawwan hedduun galmaa’eera. Fakkeenyaaf lakkoofsi maamilaa mobaayilii miiliyoona 97 geessisuu danda’amuu , kana keessaas miiliyoonni 57 fayyadamtoota Interneetaa ta’uusaanii dubbataniiru. Neetiworkiin dhaloota 4ffaa(4G) magaalota kuma 1 fi 30 qaqqabuu eeruun ,Tarsiimoo dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 lakkoofsa fayyadamtoota mobaayilii Miiliyoona 128 geessisuuf karoorfamuu dubbataniiru. Akkasumas waliin gahinsa neetwoorkii 5G magaalota 100f ni qaqqabsiisna jedhaniiru. Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 kaffaltii dijiitaalaa haala Oomisha biyya keessaan kan amma jirurra dachaa 7n olitti akka guddatuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jedhaniiru. Hojiiwwan dijiitaala Itiyoophiyaan hojjetaman kaayyoo Mootummaan Ida’amuu qabatee galmaan ga’uuf hojjetu hojmaata badaa hambisuuf galma isaa gahuuf, tarsiimoo gurguddoo dhugoomsuu waliin kan wal qabu ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsuun isaanii ni yaadatama.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 206
  Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira.   Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru.   Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 267
  Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.   Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.  
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 431
  Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16158
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1155
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015